Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif

Take COC Model Exam Online

2
Created on By admin

Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif

Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif

1 / 235

Jen 1. Lakkoofsa 4578 × 10^−3  ilaalchisee kan sirrii hin taane isa kami?

2 / 235

Jen 2. Lakkoofsota hundaa 4 fi 20 gidduu meeqatu jira?

3 / 235

Jen 3. 4 x 10^5  x 9 x 10^3 + 1 x 10 + 6 bifa dessiimaaliitiin yammuu barreeffamu:

4 / 235

Jen 4. Lakkoofsota armaan gadii keessa kan adda ta’e kami?

5 / 235

Jen 5. Yoo tuutni T= {-1, 0, 1} ta’e, qoyyaboota armaa gadii keessaa kamtu tuuta T irratti amala alalgoomsuu qaba?

6 / 235

Jen 6. Tuuta lakkofsa hundaa keessatti kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaadha?

7 / 235

Jen 7. Tuutni lakkoofsota irra deddeebii olaanaan uumamu maal jedhama?

8 / 235

Jen 8. Tuutni tuqaalee dheerinaafi bal’ina murtaawaa hin qabne maal jedhama?

9 / 235

Jen 9. Litiriin 0.70, miliimetirii __________ ta’a.

10 / 235

Jen 10. Obboo Lammiin fageenya 12km deemuuf 9.4km fardaan,1.4km doqdoqqeen fi kan hafe ammoo miilaan yoo deeman,obboo Lammiin miilaan fageenya hagamii deeman?

11 / 235

Jen 11. Qonnaan bulaa tokko lafa qonna rektaangulaa’aa dheerinni rogoota isaa 100m fi 40m ta’e dallaa itti ijaaruuf yoo karoorfate, dheerinni meeshaa dallaa kana ijaaruuf barbaachisu hammam ta’a?

12 / 235

Jen 12. Yoo saarbiin waraqaa boca iskuweerii qabuu tokko 2sm dheerata ta’e, bal’inni waraqaa kanaa hammam ta’a?

13 / 235

Jen 13. Dhagaa meetirii-kiyuubii 15 lafa meetirii-iskuweerii 450 uffisuuf yoo barbaachise,dhagaa meetirii-kiyuubii 0.005 lafa seentimeetirii-iskuweerii hagamii uffisuuf barbaachisa?

14 / 235

Jen 14. Kan dheerina rogoota rog-sadee hin taane kami?

15 / 235

Jen 15. Rog-arfeen rogoota cimdii tokko waltarree ta’e qofa qabu:

16 / 235

Jen 16. Qu’aadirilaateeraliin rogoota cimiidii tokko waliin fuullee ta’an waltarree qabu maal jedhama?

17 / 235

Jen 17. Bal’inni roombaasii ABCD 108cm^2 fi dheerinni saarbii tokkoo 12cm yoo ta’e dheerinni saarbii biroo meeqa ta’a?

18 / 235

Jen 18. Qabeen kiyuubii tokkkoo sqrt(27)cm^3 yoo ta’e waa’ee kiyuubii kana ilaalchisee kan sirrii hin taane isa kami?

19 / 235

Jen 19. Giddu-galeessi qabxii garee kubbaa kaachoo Bulchiinsa Magaala Adaamaa dorgommii kudhan irratti argatan 21 dha.Qabxiin dorgommii sagal irratti garichi argate 23,30,6,7,20,12,46,13 fi 24 yoo ta’e qabxiin garichi dorgommii kurnaffaa irratti argate meeqa ta’a?

20 / 235

Jen 20. Giraafii geengoo daataa gabatee armaan gadii irraa hojjechuu yoo barbaadde, baay’ina kubbaawwan halluu gurraachaa digirii meeqaan bakka buufta?
Kubbaawwanii Adii 20, Kubbaawwanii Diimaa 23,  Kubbaawwanii Gurraacha 36 fi Kubbaawwanii Magariisa 81.

21 / 235

Jen 21. Turtii tapha kubba miilaa safaruuf ramada kamtu irra caalatti gargaara?

22 / 235

Jen 22. Naannofni danaa armaa gadii hammam ta’a?

23 / 235

Jen 23. An fuulota lama qaba, verteeksota hin qabu akkasumas gangalachuu nan danda’a, kamtu sirritti na ibsa?

24 / 235

Jen 24. Barattootni 5 battallee Herregaa qabxii 3, 5,8,10 fi x galmeessan.Yoo gatiin giddugalaa 8 ta’e , gatiin x meeqa ta’a?

25 / 235

Jen 25. Himoota armaan gadii kenname keessatti tokko hanqina safartuu aadaa ibsa.

26 / 235

Jen 26. Fakkiin armaan gadii mooraa guddaafi xiqqaan agarsiisuun kennamee jira. Perimeetirii dallaa xiqqaafi guddaa barbaadi?

27 / 235

Jen 27. Hiriiroo lakkoofsaa kenname tokko keessatti xiyyi lama kanneen tuqaa hundhuura O irratti walkiphuun kofa 0 walii walii isaanii gidduutti uumuu kan danda’an xiyyoota meeqatu jirraachuu danda’aa ?

28 / 235

Jen 28. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu safartoota handhuuraa tii ?

29 / 235

Jen 29. Danaan sarara olee armaan gadii baay’ina muummee muraasaa Kolleejjii barnoota Barsiisota Naqamtee bara barnootaa 2010 agarsiisa.kanneen armaan gadii keessaa kamtu sirri mitii?

30 / 235

Jen 30. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu hanqina safara duriitii?

31 / 235

Jen 31. Safartoota handhuuraa sadiin eenyuu fa’i?

32 / 235

Jen 32. Kaayyoon barnoota herregaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisuu keessatti hin ramadamnee isa kam?

33 / 235

Jen 33. Kanneen armaan gadii keessaa kaayoon beekumsa herregaa barsiisuu kan ta’e kam?

34 / 235

Jen 34. Nammotni ba’aa ulfaataa (fkn barmeelii bishaaniin guutame) konkolaataa irratti fe’uuf ykn irraa buusuuf baachuu irra kara salphaa ta’en dalagaa kana dalageessuuf gosota maashinii armaan gadii keessa kamitti fayyadamu qabu?

35 / 235

Jen 35. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu safara guutuu qaama safartamoo fiizikaala hangaa sirriitti ibsa?.

36 / 235

Jen 36. Dhagaan ta’e tokko gubbaa gamoo hin beekamne irraa gara gadiitti ariitii jalqabaa u tiin darbatame.Dhagaan kun yommuu lafa rukkutu ariitin isaa 3u ture.Hojjaan gamoo dhagaan kun irraa darbame meeqa?

37 / 235

Jen 37. Sochii kufaati walabaa keessatti yoo dhiibbaan qilleensa hin jiru ta’e dhagaan ulfaataa fi salphaan guula wal-fakkaataa qabu.Sababa dhagaan ulfaataan guula guddaa qabaachu dhabeef maaliif?

38 / 235

Jen 38. Meeshaan danfisaa tokko bisaan 20g ho’istuu elektiriikii irratti ho’isuuf daqiiqaa sagal (9min) turuun tempireechari isaa 10 0c gara 75 0c jijjiramee. Yoo ho’i naanootti hin badne ta’e,Aangoon ho’insaa elektriikii kanaa meeqa?

39 / 235

Jen 39. Rifeensa mataa guyyaa jiidhinsa hin qabne filuun filaa saanarratti chaarjii hammi isaa 1×10^-8 C ta’e yoo uume . Elektiroonota meeqatu rifeensa kee irraa gara filaatti darbe?

40 / 235

Jen 40. Eebbisaan mana isaa irraa ka’ee gara bahaatti 200m, gara kaabaatti 300m, gara dhihaatti 500m fi 700m gara kibbaatti kan socho’u yoo ta’e:Hamma qaxxaamura eebbisaan deeme meeqa?

41 / 235

Jen 41. Tiraakeriin tokko guyyaa ho’a keessa gaasii liitirii 37000L baatee ture tokko bakka ture irraa kilomeetira heeddu deemuun gaasii bakka tempireecharri isaa isa duraa irra 23k gadi ta’e geesse gaasii ofirra buuse.Gaasii liitirii hagamii qabatee bakka sana ga’e?(koffisheentiin babal’achu qbee gaasicha 9.5×10^-4/0C fi koffisheentii babal’achuu kal tokke baatoo tiraakii 11×10^-6/0C)

42 / 235

Jen 42. Tempireechera qaama kee himuuf meeshaa safaraa isa kam fayyadamta?

43 / 235

Jen 43. Kanneen armaan gadii keessa qabeenya mit harmasamoo kan ta’e isa kami?

44 / 235

Jen 44. Turtiin ta’ii tokko kan garaagarummaa gidduu ka’umsaa fi xumurata’ii agarsiisu maal jedhama?

45 / 235

Jen 45. Utubaan alaabaa mana barumssa jiru kanneen armaan gadii keessa isa kamiif fakkeenya gaarii ta’a?

46 / 235

Jen 46. Mismaara muka keesaa baasuuf (buqqisuuf) meeshaa filatamaan isa kami?

47 / 235

Jen 47. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu fonqolcha sadarkaa 3ffaa miti?

48 / 235

Jen 48. Yuunitii niwutaniin maal safaruuf gargaara?

49 / 235

Jen 49. Humni harkisa dachee lafaan wantoota irratti gaggeeffamu maal jedhama?

50 / 235

Jen 50. Nyaata nyaannu irraa anniisaan argamu

51 / 235

Jen 51. Faayidaan vooltimeetirii maali?

52 / 235

Jen 52. Anniisaan Bubbee maaliif fayyada?

53 / 235

Jen 53. Meeshaa salphaafi ulfaataa ta’an iddoo walfakkaatu irraa bilisaan osoo gadhiifamee

54 / 235

Jen 54. Kanneen armaan gadii keessaa himni dogoggora ta’e kami?

55 / 235

Jen 55. Kanneen armaan gadii keessaa danbaliin sagalee kam keessa hin sochoone?

56 / 235

Jen 56. Kanneen armaan gadii keessaa balaa elektirikaa hir’isuuf of-eeggannoon fudhatamuu qabu kami?

57 / 235

Jen 57. Kan sirriitti walitti hin firoomne isa kami?

58 / 235

Jen 58. Harkisni humni dachee wantoota irratti dalageessuu maal jedhama?

59 / 235

Jen 59. Bakka dhiibbaan qilleensa hinjire irratti wantootni ulfaatina guddaa qabaniifi salphaa qaban olkaa’aa walqixa ta’e irraa yoo gad-lakkifaman:

60 / 235

Jen 60. Qaamni tokkoo boqoonnaa irra yeroo jiru:

61 / 235

Jen 61. Wantoota armaan gadii keessaa kan bocaa fi qabee murtaa’aa hinqabne kami?

62 / 235

Jen 62. Faalkaaleen fiizikaalawaa maaterii baay’ee beekamoo ta’an jajjaboo, dhangala’oo fi gaasii dha. Kan armaan gadii keessaa waa’ee dhangala’oo dhugaa kan ta’e kami?

63 / 235

Jen 63. Bishaan qabeen isaa 50ml ta’ee fi zayitii nyaataa qabeen isaa 50ml ta’e yoo walitti makte wal hin fudhatan(walkeessatti hin bulbulaman) . Kun kan agarsiisu

64 / 235

Jen 64. Ruqoolee qilleensaa keessaa kan biqilootni fayyadamanii soorata isaanii ittiin qopheeffatan kamii dha?

65 / 235

Jen 65. Kanneen armaan gadii keessaa mucuccataa kan ta’e kami?

66 / 235

Jen 66. Wantoota armaan gadii keessaa jabataa kan ta’e kami?

67 / 235

Jen 67. Adeemsa sirriin makaa ashaboo fi cirrachaa gargar baasuuf fayyadu kanneen armaan gadii keessaa isa kami?

68 / 235

Jen 68. Malla ittisa manca’iinsa qabeenya bosonaa ta’u kan hindandeenye kami?

69 / 235

Jen 69. Kanneen armaan gadii keessaa amala fiizikaalaa wantootaa kan hintaane isa kami?

70 / 235

Jen 70. Kanneen armaan gadii keessaa amala sibiilotaa kan hin taane kami?

71 / 235

Jen 71. Mata-duree barannoo “qilleensi iddoo ni qabata” jedhu barattoota barsiisaa jirtuuf ifa taasisuuf adeemsota armaan gadii keessaa filatamaa kan ta’eisa kami?

72 / 235

Jen 72. Kanneen armaan gadii keessaa oksaayidii haayidiroojiinii kan ta’e isa kami?

73 / 235

Jen 73. Adeemsota armaan gadii keessaa kan oksaayidii beezawoo qopheessuu dandeessisu isa kami?

74 / 235

Jen 74. Mana yaalii keessatti yaalii osoo hin gaggeessin dura maqaa fi bifa meeshaalee mana yaalii beekuun faayidaa maalii qaba?

75 / 235

Jen 75. Lilmoon kompaasii shiboo kaarentii qabu cinaatti yommuu qabamu kallattiin lilmoo kompaasii maaliif daba?

76 / 235

Jen 76. Amaloota armaan gaditti kennaman keessaa haala sirrii ta’een kan walitti firoome kami?

77 / 235

Jen 77. Kanneen armaan gadii keessaa bishaan keessatti kan hin bulbulamne kami?

78 / 235

Jen 78. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu makaa miti?

79 / 235

Jen 79. Mana yaalii (Laaboraatorii saayinsii) keessatti yaalii gaggeessuuf qophooftee yaalii yemmuu eegaltu akka carraa dhullee dhiltuun hin jiru. Rakkoo kana hiikuuf fur maatni ati keessu maal ta’a?

80 / 235

Jen 80. Fakkiin armaan gadii faalkaa jijiirama bishaanii agarsiisuu keessatti adeemsa xiyya 1, 2 fi 3’n agarsiifamee sirrii kan ta’e kami?

81 / 235

Jen 81. Qaamoolee miiraa kanneen keessaa lallaafinaafi shaakaraa’uu wantootaa kan adda baasu:

82 / 235

Jen 82. Karaaleen ijoon HIV’n ittiin daddarbu:

83 / 235

Jen 83. Bishaan maaliin faalama?

84 / 235

Jen 84. Qaamolee bishaanii armaan gadii keessaa kamtu bishaan dhugaatiif hin oolu?

85 / 235

Jen 85. Bidoollee bishaanii keessatti gulantaa soorataa 1ffaa kan ta’e kami?

86 / 235

Jen 86. Bishaan faalame maal fidaa?

87 / 235

Jen 87. Kanneen armaan gadii keessaa ilbiisota gamtaa kan hin taane isa kami?

88 / 235

Jen 88. Ilbiisota armaan gadii keessaa koochoo kan hin qabu?

89 / 235

Jen 89. Bineensota armaan gadii keessaa kan tempireechara qaamaa dhaabbataa ta’e qabu kami?

90 / 235

Jen 90. Kanneen armaan gadii keessaa dukkubni bishaan faalameen dhufu kami?

91 / 235

Jen 91. Qurxumiiwwaan, amfiibiyaanooni, reptaayiloota, sinbiroowwaniifi hoosiftootni amaloota waliin qaban kan ta’e kami?

92 / 235

Jen 92. Kanneen armaan gadii keessaa kan lafee dugda hin qabne jalatti ramadamu kam?

93 / 235

Jen 93. Bineeldonni naannoo mana jireenya dhala namaatti madaquun jiraatanii fi tajaajila kennan maal jedhamu?:

94 / 235

Jen 94. Funcaa soorataa armaan gadii keessatti Jeedalli;

Marga—–> Hoolaa ——> Jeedala —-> Rumicha

95 / 235

Jen 95. Pirootiiniin caasaalee akka gaafaa,qeensaa fi rifeensa bineeldotaa ijaaruuf oolu isa kami?

96 / 235

Jen 96. Bullaa’iinsi pirootiinii eessatti eegalaa?

97 / 235

Jen 97. Orgaanizmoonni qaama orgaanizimoota du’anii diiguun marsaa wantootaa mijeessan isaan kami?

98 / 235

Jen 98. Orgaanizmoota hariiroo koomensaalizimii qaban gidduutti maaltu ta’a?

99 / 235

Jen 99. Kanneen armaan gadii keessaa hawaasa orgaanizimoota hedduu fi hariiroo walxaxaa kan qabate isa kami?

100 / 235

Jen 100. Bu’aa biqilootaa kan hin taane kami?

101 / 235

Jen 101. 101.Marsaa wantootaa armaan gadii keessaa kan biqiloonni kallattiidhaan itti hinfayyadamne kami?

102 / 235

Jen 102. Kanneen armaan gadii keessaa isaan biroo waliin haariiroo xiqqaa kan qabu kami?

103 / 235

Jen 103. Fakkaattiin retiinaa irratti uumamu osoo sammuudhaan hiika hinargatin kan armaan gadii keessaa kam fakkaata?

104 / 235

Jen 104. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamtu kan biroo irraa adda?

105 / 235

Jen 105. 105. Kanneen armaan gadii keessaa walitti hidhamiinsi qaamaa fi dalagaan isaa dogongora ta’e mul’isu isa kami?

106 / 235

Jen 106. Qaamolee armaan gadii keessaa qaama raabsituu kan ta’e kami?

107 / 235

Jen 107. Kanneen armaan gadii keessaa kan dalagaa dhiigaa hin taane isa kami?

108 / 235

Jen 108. Nama gartuu dhiigaa “O” qabu ilaalchisee kamitu sirrii dha?

109 / 235

Jen 109. Caasaa onnee namaa irratti huut-lameen kan argamu eessatti?

110 / 235

Jen 110. Sirna marsaa dhiigaa namaa ilaalchisee kan sirrii hintaane kami?

111 / 235

Jen 111. Karoorri maatii maaliif fayyadaa?

112 / 235

Jen 112. Marsaan laguu dubartootaa yoo dhaabbate maal shakkuu dandeessa?

113 / 235

Jen 113. Rh faaktarii(Rh factor) abbaa fi haadhaa armaan gadii keessaa kan miciree irratti rakkoo uumuu danda’u isa kami?

114 / 235

Jen 114. Argama dhugaa Naannoo Oromiyaa kennuuf kamtu irra-caalatti filaatama dha?

115 / 235

Jen 115. Kallattii Kibbaatiin Itoophiyaa kan daangeessu:

116 / 235

Jen 116. Teessuma lafaa Itoophiyaatti bu’a ba’iitu itti baay’ata. Teessumni lafaa kun gara caaluu sababa humna kamiin kan uumamee dha?

117 / 235

Jen 117. Rakkoo ongee ammaa amma dhaqabu dandamachuuf hawaasni qonnaa maal gochuu qaba?

118 / 235

Jen 118. Ummata Itoophiyaa keessatti garee umurii kamitu danata?

119 / 235

Jen 119. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamitu faca’iinsa ummata Itoophiyaa irratti dhiibbaa hin qabu?

120 / 235

Jen 120. Isa kamitu jijjiirama naannoo uumamaatiif ka’uumsa hin ta’u?

121 / 235

Jen 121. Kanneen armaan gadii keessaa tokko faayidaa lubbuu qabeeyyii naannootti argaman irraa argannu keessatti hin dabalamu:

122 / 235

Jen 122. Biyyaa keenyaa keessatti gosa geejjiiba isa kamtu tajaajila bal’ina qabu kennuun beekama?

123 / 235

Jen 123. Haalli jireenya hawaasaa Itoophiyaa caalaa bu’uura kan godhate sochii dinagdee armaan gadii keessa isa kam irratti?

124 / 235

Jen 124. Haala qonna Itoophiyaa ilaalchise kan dhugaa ta’e kami?

125 / 235

Jen 125. DTarsiimoo misooma dinagdee walitti fufaa ilaalchisee kan sirrii hin ta’iin kami?

126 / 235

Jen 126. Garaagarummaa bal’aa guddina diinagdee fi baay`ina uummata gidduu jiru dhiphisuuf  mootummaan Itoophiyaa imaammata ummataa qopheessee hojiirra olchaa jira. Imaammanni ummata biyyooleessa Itoophiyaa kun isa kami?

127 / 235

Jen 127. Haalawwan guddina warshaa aadaa biyya keenyaa irratti dhiibbaa kan hin qabne isa kami?

128 / 235

Jen 128. Biyya keenyaa keessatti gareen hawaasaa warshaa aadaatiin bulaanii haalli jireenya isaanii sadarkaa gadii aanaa irraatti argama. Haala kanaaf sababni maali?

129 / 235

Jen 129. Kanneen armaan gadii keessaa faayidaa bosonaa kan ta’e isa kami?

130 / 235

Jen 130. Haala qonna Itoophiyaa ilaalchise kan dhugaa ta’e kami?

131 / 235

Jen 131. Faalama qilleensaaf sababa jalqabaa yookiin duraa kan ta’e isa kami?

132 / 235

Jen 132. Jijjiiramni qilleensa baramaa dhiibbaawwaan akkami naannoo uumamaa fi hawaasa irratti geessisa?

133 / 235

Jen 133. Kan armaan gadii keessaa tokko dhiibaa aadaa alaa magaalota Itoophiyaarra gahuu miti.

134 / 235

Jen 134. Kan armaan gadii keessaa tokko mancaa’insa uumamaan hambaalee duriirra gahuu miti.

135 / 235

Jen 135. Gosa qabeenyaa uumamaa kanaa gadii keessaa isa kamitu bakka hundatti hin argamu?

136 / 235

Jen 136. Qabeenyaa uumamaa waliitti fufiinsa akka qabaatu gochuu keessatti gaheen hawaasaa maal ta’u qaba jette yaada?

137 / 235

Jen 137. Kan armaan gadii keessaa kamtu mancaa’insa hambaalee durii namtolchee miti?

138 / 235

Jen 138. Kan armaan gadii keessaa waa’ee karaalee kunuunsa iddoowwan hambaalee durii addaa sirriidha?

139 / 235

Jen 139. Kan armaan gadii keessaa kamtu fakkeenya faayidaa bosonaati?

140 / 235

Jen 140. Meeshaan hammi roobaa ittiin safaramu

141 / 235

Jen 141. Fiixeen olka’iinsa teessuma lafa Itoophiyaa kan armaan gadii keessaa tokko keessatti argama.

142 / 235

Jen 142. Haroo sulula qiinxamaa kan hin taane isa kami?

143 / 235

Jen 143. Sirna yaa’insa lagaa ijoon sulula qinxamaa Itoophiyaa keesssatti argamu:

144 / 235

Jen 144. Kanneen armaan gadii keessaa tokko naannoo hawaasummaa miti.

145 / 235

Jen 145. Haala baruu fi barsiisuu mijeessuuf, qulqullina barnoota mirkanessuf, garaagarummaa aadaa barattoota giddu jiru hubachuun dhimmoota armaan gadii keessa kami irratti xiyyeefachuutu barbaachisaa dha?

146 / 235

Jen 146. Kanneen armaan gadii keessaa madda beekumsa idilee kan ta’e kami?

147 / 235

Jen 147. Safuu gaarii hawaasa Itoophiyaa kan hin ta’ane kami?

148 / 235

Jen 148. Amala nama bilchina safuu qabu kan hin taane kami?

149 / 235

Jen 149. Agarsiistootaa siiviksii gaarii kan ta’e kami?

150 / 235

Jen 150. Duudhaa safuu ilaachisee kan sirrii hin taane kami?

151 / 235

Jen 151. Barbaachisummaan hirmaannaa hawaasa mana barnoota keessatti godhu:

152 / 235

Jen 152. Aadaan dimokiraasii kolleejjii keessatti akka daggaguu gaheen siirraa eeggamuu kami?

153 / 235

Jen 153. Kanneen armaan gadii keessaa kan itti gaafatamummaa fi gahee barsiisaa BLAG hin taane isa kam?

154 / 235

Jen 154. Namni tokko maati isaa bulchuu, ijoollee barsiisuun isaa itti-gaafatamummaa armaan gadii keessaa kam bahu agarsiisa?

155 / 235

Jen 155. Wantootni namoonni gocha sababa irratti hundaa’e akka hin raawwanne godhan maal fa’a?

156 / 235

Jen 156. Dirqisiisanii gudeeduun shamarran irratti rakkoo qaamaa akkaami fidu danda’a?

157 / 235

Jen 157. Daa’imummaan heerumuun shamarranii rakkoo akkaami itti fidu danda’a?

158 / 235

Jen 158. Adeemsi daangaa murtaa’e keessatti aangoo olaanaa fi isa dhumaa qabaachuun maal jedhama?

159 / 235

Jen 159. Namoonni gocha sababa irratti hundaa’e akka hin raawwanne wantoonni godhan maalfa’a?

160 / 235

Jen 160. Waadaa hiriyyaa keetiif galtee kan guutuuf dirqama armaan gadii keessa kam guutuuf?

161 / 235

Jen 161. Barataa daree keessatti jeequun adeemsa baru-barsiisuu gufachiisu to’achuun gahee eenyuuti?

162 / 235

Jen 162. Aadaa Oromoo keessatti seerri hariiroo qaama kaminuu wajjiin godhamu kami?

163 / 235

Jen 163. Kanneen armaan gadii keessaa ittigaafatamummaa lammiileen hundi bahuu qaban kami?

164 / 235

Jen 164. Jaalalli biyyaa maaliin ibsama?

165 / 235

Jen 165. Kanneen armaan gadii keessaa qajeelfamaafi sona sirna dimookiraasii kan hin ta’e kami?

166 / 235

Jen 166. Hooggansa garee guddaa fi kabajamu mirga garee xiqqaa jechuun:

167 / 235

Jen 167. Mirgaa fi dirqama ilaalchiisee dhugaa kan hin taane kami?

168 / 235

Jen 168. Akka heera FDRI tti mirga daa’iimmanii kan hin taane kami?

169 / 235

Jen 169. Amantiifi aadaa ofiitti gargaaramuun waliin jiraachuu fi amantii fi aadaa namoota biroo kabajuu yaadni jedhu kami ilaala?

170 / 235

Jen 170. Kanneen armaan gadii keessaa gahee dippiloomati ilaalchiise soba kan ta’e kami?

171 / 235

Jen 171. Heerri seerota waliigalaa kan hammatuufi dhimmota xixiqqaa keessa kan hin seeneedha.

172 / 235

Jen 172. Kanneen armaan gadiii keessaa qajeelfama bu’uuraa heera MFDRI kan hin taane kami?

173 / 235

Jen 173. Olaantummaa seeraa ilaalchiisee sirrii kan ta’e kami?

174 / 235

Jen 174. Kanneen armaan gadii keessaa bu’aa dhabamu olaantummaa seeraa kan hin taane kami?

175 / 235

Jen 175. Barsiisaan karoora barannoo hin qabne maal hin beeku:

176 / 235

Jen 176. Adeemsa baruu-barsiisuu daree barnootaa keessatti gochi dursa raawwatamu:

177 / 235

Jen 177. Karoora barannoo maal irratti hundaa?

178 / 235

Jen 178. Qophii karoora barannoo irratti kutaan barsiisaan tokko galma ga’iinsa kaayyoo isaa itti mirkaneeffatu irra caalaa kutaa karooraa isakam keessatti?

179 / 235

Jen 179. Kaayyoon barnootaa kan dagaagina oogummaa waa kalaquu barattootaa irratti hundaa’uun qophaa’u isa kami?

180 / 235

Jen 180. Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti faayidaa karooraa kan hintaane kami?

181 / 235

Jen 181. Kan armaan gadii keessaa kaayyoon baruu -barsiisuu irratti xiyyeeffachuu kan hinqabne kami?

182 / 235

Jen 182. Kanneen armaan gadii keessaa karoora barannoo keessatti kan hin hammatamne:

183 / 235

Jen 183. Gaaffilee bu’uuraa karoora baranno keessatti akkamittan barsiisa gaaffiin jedhu maal agarsiisa?

184 / 235

Jen 184. Xumura barnoota kanaa irratti barattootni waa’ee ilbiisotaa ni tarreessu. Kaayyoon barannoo kun maal of keessaa dhabe?

185 / 235

Jen 185. Baraachuun akkaataa kamiin hiikamuu danda’a?

186 / 235

Jen 186. Beekumsi oggummaan yaaduu “akkamittiifi maaliif” jedhu adeemsa baraachuu murna kam jalaatti ramadama?

187 / 235

Jen 187. Beekumsa baraachuun argamuu dhiibaa akkamii qaba?

188 / 235

Jen 188. Kanneen armaan gadii keessaa amala irra deddeebiin barachuu barattootaa kan dabalu maali?

189 / 235

Jen 189. Wantootni baranoota irratti akka waliigalaatti dhiibbaa geessisan:

190 / 235

Jen 190. Muuxannon barsiisummaan ykn malleen barsiisuu fooyya’aa kan deemu:

191 / 235

Jen 191. Hoggansi daree kan inni hammatu:

192 / 235

Jen 192. Gosa hooggansa daree barnootaa keessaa amala gaarii kan hin ibsne kami?

193 / 235

Jen 193. Agarsiisa abaaboo daree keessatti gaggeeffamu keessa isa kamtu irra caalaatti filatamaadha?

194 / 235

Jen 194. Malli barsiisaan tokko fakkeenyota qabatamoo adda addaa ibsuun isa irratti hundaa’ee yaada walii galaa yaada kanaa bira gahu mala maalii jedhama?

195 / 235

Jen 195. Malli hubannoo dogoggoraa daa’immanii sirreessuuf barsiisaa gargaaru isa kami?

196 / 235

Jen 196. Mala baruu-barsiisuu armaan gadii keessaa kan adda ta’e kami?

197 / 235

Jen 197. Adeemsi baruu-barsiisuu bu’a qabeessi kam irraa kamtti deemuu qaba?

198 / 235

Jen 198. Filannoon mala baruu-barsiisuu tokko maal irratti hunda’a?

199 / 235

Jen 199. Sansakni barsiisummaa kan ta’u qabu:

200 / 235

Jen 200. Adeemsa baruu-barsiisuu haala gaariin daree keessatti gaggeessuuf?

201 / 235

Jen 201. Kanneen armaan gadii keessaa faayidaa madaallii kan hin taane?

202 / 235

Jen 202. Tuuta armaan gadii keessa kan meeshaalee quunnamtii taa’an:

203 / 235

Jen 203. Kanneen armaan gadii keessaa akka meeshaalee madaalliitti kan nu hinfayyadne?

204 / 235

Jen 204. Iyyafannoon filatamaan mariin tokko gaggeeffamee booda furmaata battalaa kennuuf gaggeeffamu isa kami?

205 / 235

Jen 205. Iyyaafannoon qulqulina olaanaa qabu tokko maal irraa bilisa ta’uu qaba

206 / 235

Jen 206. Kanneen armaan gadii keessaa kan rakkoolee iyyaafannaaf argannoo saayinsaawaa hin tane kami?

207 / 235

Jen 207. Kanneen armaan gadii keessaa leenjifamtoonni caalaatti tilmaamaan akka deebisaniif kan saaxilamaa ta’e:

208 / 235

Jen 208. Kanneen armaan gadii keessaa yeroo barattoota tokko shaneen ijaaru akka ulaagaatti kan hin fudhatamne:

209 / 235

Jen 209. Adeemsi odeeffannoo raawwii barattootaa safaramaa ta’e ittiin funaanu:

210 / 235

Jen 210. Barattootni barsiisota abba irreen baratan amaloota isaan hin dagaagfane:

211 / 235

Jen 211. Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti madaalliin kan gaggeeffamu:

212 / 235

Jen 212. Kamitu ogummaa qindoominaa barachuu daa’immanii agarsiisa?

213 / 235

Jen 213. Kanneen armaan gadii keessaa inni tokko ogummaa saayinsaa bu’uuraati.

214 / 235

Jen 214. Barsiisaan daa’imman yoo barsiisu kan gochuu hinqabne kami?

215 / 235

Jen 215. Kanneen armaan gadii keessa tokko caasaa fi amaloota garaagaraa irratti hunda’uun wantoota haala walfakeenya fi garagaarummaa isaaniin ka’uuf kan oluu mala saayinsawwa keessaa isa kami?

216 / 235

Jen 216. Ogummaan dandeettii beekumsa “akkamittii” fi “maaliif” jedhu yaaduu maal keessatti ramadama?

217 / 235

Jen 217. Barachuun murna yaad-sammuu maaliin dhiibbaan irra gaha?

218 / 235

Jen 218. Baraachuun akkaataa kamiin hiikamuu danda’a?

219 / 235

Jen 219. Kaayyoon baruu barsiisuu barnoota herregaa sadarkaa 1ffaa galma barbaadame armaangadii iddoon gahuuf fi kanneen armaan gaditti eeraman hunda tokko irraa kan hafe:

220 / 235

Jen 220. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu akka beekumsa kaayyoo baruu barsiisuu herregaa keessatti fudhatamaa ?

221 / 235

Jen 221. Kaannen armaan gadii keessa kamtu waa’e aannisaa hubannoo dogongoraati jette yaadda? A. Wantootni lubbuu dhabeeyyii fi lubbuu qabeeyyii lama anuu anniisa qabu.

222 / 235

Jen 222. Kaannen armaan gadii keessa kamtu faakkenya seera saayinsaawaa dha?

223 / 235

Jen 223. Kaannen armaa gadi keessa kamtu yaada waligala saayinsaawa dha.

224 / 235

Jen 224. Ati akka barsiisaa Fiiziksiiti wa’ee aangoo haayiro elektirikii barsiisuu feete , haala qabatamaa achi jiruus daawwachiisun hamtu ta’u hubate ta’ee; bakka kana kan bu’u danda’u tooftaa isa kamitti fayyadamta?

225 / 235

Jen 225. Kannee armaan gadii keessatti tartiibni sirrii ta’e kami?

226 / 235

Jen 226. Baraachuun akkaataa kamiin hiikamuu danda’a?

227 / 235

Jen 227. Barsiisaa Tolaan barattoota isaa waa’ee waliin baay’isuu lakkoofsota pozaatiivii fi negaatiivii barsiisuuf fakkeenyota armaan gadii fayyadame. − 1 × 1 =− 1 , − 2 × 3 =− , − 5 × 8 =−40 .Haaluma kanaan itti fufuun yaada waliigalaa negaatiivii × pozaatiivii=negaatiivii yaada jedhu barattoota isaa yoo hubachiise malli baruu-barsiisuu barsiisaa Tolaan fayyadame isa kami ta’a?

228 / 235

Jen 228. Murtii armaangadii barsiisonni kennan keessatti faayidaa karoora barnootaa kan hin taane kami?

229 / 235

Jen 229. Karoora barnoota lammummaa amala gaarii qopheessuuf dursa murta’uu kan qabu kami?

230 / 235

Jen 230. Kanneen armaan gadii keessaa kaayyoo gooree hiikaafi qajeeltoowwan dimookiraasii kan hin taane kami?

231 / 235

Jen 231. Galma barachuu barnoota lammummaafi amala gaarii ilaalchisee sirrii kan hin taane kami?

232 / 235

Jen 232. Baratoonni barnootaa lammummaafi amala gaarii erga baratanii booda gochi isaanirraa hin eegamne kami?

233 / 235

Jen 233. Saayinsii barachuun daa’immanii kan irratti hin hundoofne isa kami?

234 / 235

Jen 234. Daa’mman saayinsii naannoo yoo barsiiftu kan wal simsiisuuhinqabne isa kami?

235 / 235

Jen 235. Kaannen armaan gadii keessa kamtu waa’e aannisaa hubannoo dogongoraati jette yaadda?

Your score is

The average score is 30%

0%

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Exit mobile version