Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf

Take COC Exam Online

32
Created on By admin

Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf

Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf

1 / 100

her 1. Amalli qooyyabaa hima wal-qixa a+ (b+c) = (a+b) +c agarsiifame kami?

2 / 100

her 2. Ibsamni 15 -5 [3+7(-4) salphatu meeqa ta’a?

3 / 100

her 3. Yoo n+8 intijarii mangoo bakka bu’e, intijarii mangoo guddaan itti aanu kamiin bakka bu’a?

4 / 100

her 4. Barsiisaan fedhii yeroo boqonnaa barattootaa gola keessatti gaafatee firiin {deebiin} argate danaa armaan gadiitiin dhiyaate. Yoo barattoonni 20 gola keessaatti argaman, barattoonni yeroo boqonnaa isaanii fedhii kitaaba dubbisuu hin qabne meeqa?

5 / 100

her 5. Gatiin shamizii tokkoo osoo hir’inni gatii hin godhamin dura qarshii 80 ture, Yoo shamizichi hir’ina gatii 25% tiin gurgurame, gatiin gurgurtaa isaa meeqa?

6 / 100

her 6. Mindaan Jamiilaa akkuma baay’ina sa’aatii isheen hojjattuun kallattiin jijjirama.Yoo mindaan ishee sa’aatii 5’f qarshii 85 ta’e, sa’aatii 30’f yoo hojjatte qarshii meeqatu kaffalamaaf?

7 / 100

her 7. Saffisni giirii akka baay’ina ilkaan isaatiin al-kallattiin jijjiirama.Yoo giiriin ilkaan 24 qabu Saffisa 45 marsaa./daqiiqaa naanna’e, giiriin ilkaan 36 qabu marsaa./daqiiqaa meeqa naanna’a?

8 / 100

her 8. Hirmaataan walii guddaan (HWG) lakkoofsota 990 fi 6600 meeqa?

9 / 100

her 9. Yoo baay’ataan lakkoofsota lamaa 2,250 ta’ee fi hirmaataan walii guddaan (HWG) isaanii 5 ta’e, hiramaan walii xiqqaan (HWX) isaanii meeqa ta’a?

10 / 100

her 10. Kamtu galagaltoo hima wal-qixa y=13x+2ti?

11 / 100

her 11. Kan armaan gadii keessaa kamtu Citaa tuuta {1,{2},{1,2}} hin taane?

12 / 100

her 12. Waajjiraalee 120 keessaa, 68 gaazexaa Addis Zemen’f kaffalu,47 gaazexaa Etiyoophiyaan Heelaardi’f kaffalu fi 36 Etiyoophiyaan Heelaardi qofaaf kaffalu. Kan armaan gadii keessaa lakkoofsa waajjiraalee gaazexaa kamiifuu hin kaffalle kami?

13 / 100

her 13. Yoo 2x+5=-25 fi -3m-6=48 ta’e, baay’ataan x fi m meeqa ta’a?

14 / 100

her 14. Hawwaa fi Saaraan kaafteeriyaatti laaqana nyaatan. Hawwaan ‘hanqaaquu’ 3 fi ‘daabboo’ 2 ajajatte. Saaraan immoo ‘hanqaaquu 2 fi ‘daabboo’ 3 ajajatte.Nagaheen Hawwaa qarshii 6, fi kan Saaraa immoo qarshii 5.25 ture. Kan armaan gadii keessaa gatii (qarshiin) ‘hanqaaquu’ tokkoo kan ta’e kami?

15 / 100

her 15. Gatii m hima wal qixa armaan gadii dhugoomsu kami?

m/3 + 3(m-1)/2 = 2(m-3)

16 / 100

her 16. Sararri wal- tarree sarara y – 2x = 4 ta’e kami?

17 / 100

her 17. Himni wal-qixa sarara qajeelaa tuqaa (-2, 7) keessa darbee siiqqee x’f  perpedikulaarii ta’u kami?

18 / 100

her 18. Safarri tokkoo tokkoo kofa alaa rog- baay’ee sirnaawaaabbaa rogoota 18 ti digirii meeqa?

19 / 100

her 19. Yoo tanθ=2.7 fi cscθ<0 ta^’ e,θ^’ n qarxii kami keessatti argama?

20 / 100

her 20. Fakkii armaan gadii irratti sararri dhaabbataan BD fi AE tuqaa C irratti wal qaxxaamuru, Kofti B fi kofti D kofoota sirrii dha, BC=3, AB= 4, fi CE = 15. Dheerinni ED meeqa?

21 / 100

her 21. Safarri tokkoon tokkoo kofoota keessaa rog-baay’ee sirnaawaa 135° yoo ta’e rogbaay’ichi___________ dha.

22 / 100

her 22. Dheerinni rogoota rog-sadee yuuniti 4,5fi 8 dha.Yoo rogni dheeraa rog-sadee walfakkaataa yuunitii 22 ta’e, dheerinni roga gabaabaa rog-sadee kanaa yuunitii meeqa?

23 / 100

her 23. Qabeen taankarii hundee reektaangulaawaa 3,360cm dha. Dheerinnii fi dalgeen taankarii kanaa walduraa duubaan 14 cm fi 12cm dha.Ho jjaa taankarii cm meeqa ta’a?

24 / 100

her 24. Daayii tokkoo fi saantimni tokko al tokko furursinee carraan mataa (H) fi lakkoofsa guutuu argachuu hagami?

25 / 100

her 25. Kan armaan gadii keessaa safartuu handhuuraa ta’uu kan hin dandeenye kami?

26 / 100

her 26. Lakkoofsonni 14, 16, 18 fi y gatii giddu gala artimeetikii 16 yoo qabaatan, gatii y meeqa?

27 / 100

her 27. Gatiin gidduu x – 4, x, 2x fi 2x + 12 yoo 9 ta’e, x ∊ Z+ , gatiin x meeqa?

28 / 100

her 28. Qormaata barattoota 56’n fudhatameen, qabxiin(firiin) 84 parsantaayilii 75ffaa dha. Barattoota meeqatu qabxii (firii) ≤84 argatan?

29 / 100

her 29. Carraan Muddee 2, 2019 roobuu 0.7 yoo ta’e carraan guyyaa jedhame kanatti hin roobnee hagami?

30 / 100

her 30. Citaan tuutaa, tuuta ta’iinsa yaalii tokkoo maal jedhama?

31 / 100

her 31. Waggaa 18’n dura umuriin abbaa umurii mucaa isaa dachaa sadi ture.Yeroo ammaatti umuriin abbaa dachaa lama umurii mucaa isaati.Umuriin mucaa waggaa lamaan booda meeqa ta’a?

32 / 100

her 32. Kitaabonni gatiin isaanii walqixaa 6 qarshii 36 yoo ta’e kitaabonni akkasii 9 gatiin isaanii qarshii meeqa ta’a?

33 / 100

her 33. Barattoota 60 daree tokko keessa jiran keessaa 19 qorumsa Afaan Oromoo kan fudhatan yoo ta’u 11 ammoo Afaan Oromoo fudhatanii Herrega hin fudhanne.Baay’inni barattootaa Afaan oromoo fi Herrega fudhatanii meeqa?

34 / 100

her 34. Faankishinoota armaan gadii keessaa kan galagaltoon isaa faankishinii ta’e kami?

35 / 100

her 35. Lakkoofsotni sadii reeshoo 1:2:3 fi HWG isaanii ammoo 12 yoo ta’e lakkoofsotni kun kami ta’u?

36 / 100

her 36. Himoota armaan gadii keessa kan dhugaa hin taane isa kami?

37 / 100

her 37. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu rog-baay’ee ta’uu hin dandeenye?

38 / 100

her 38. Xaasaan dhugaatii ta’e qabu tokko olee 21cm fi diyaameetirii 8cm yoo qabaate, qabeen xaasaa kanaa hagam?

39 / 100

her 39. Himoota armaan gadii keessaa kan yeroo hunda dhugaa ta’e kami?

40 / 100

her 40. Mee ∆ABC fi ∆LMN rog-sadoota walfakkaatoo haa ta’an. Dheerinni roga ∆ABC kan walitti dhufoo isaa roga ∆LMN dachaa shan yoo ta’e reeshoon naannawaa ∆LMN gara ∆ABC meeqa ta’a?

41 / 100

her 41. Fageenyi tuqaa (3,-4) fi siiqqee X gidduu jiru meeqa?

42 / 100

her 42. Mukni dheerina 10m qabu tokko fiixee utubaa bilbilaatti hirkachuun lafa waliin kofa 60° uume jira. Dheerinni utubaa bilbilichaa meeqa?

43 / 100

her 43. Ibsamni, Cot^2(θ){tan^2(θ) +tan^4 (θ ) }, yeroo salphatu kanneen armaan gadii keessa kami ta’a?

44 / 100

her 44. Qabeen piriizimiii rog-sadawaa hundeen isaa rog-sadee kofa sirrii dheerinni miilota isaa 6cm fi 8cm fi oleen piriizimichaa 10cm ta’e hammam ta’a?

45 / 100

her 45. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamitu amala tuuta lakkoofsa hundaa ti?

46 / 100

her 46. Yoo k’n lakkoofsa hundaa ta’ee 3<k<7 kanneen armaan gadii keessaa gatii k ta’uu kan hin dandeenye kami?

47 / 100

her 47. Hojii sa’aatii 8tiif qarshii 75 yoo argatte torbanitti sa’aatii 48 yoo hojjette kafaltiin kee kan torbee meeqa?

48 / 100

her 48. Daldalaan tokko juusii kuusaa saanduqa 96 of keessaa qabu keessaa baasee saanduqa 24 gurgure.Juusii kuufame keessaa dhibbantaa meeqatu gurgurame?

49 / 100

her 49. Barsiisaan 10%, 30% fi 60% tartiibaan battallee, qorumsa giddugaleessaa fi qorumsa xumura semesteeraatiin qabuuf murteesse.Barataan battallee, qorumsa giddugaleess fi qorumsa xumura semesteeraa irratti tartiibaan 60, 70 fi 75 yoo galmeessise qabxiin barataa kanaa:

50 / 100

her 50. .Lakkoofsota intijerii x, y, z fi k kamiifuu, x > y fi y > z yoo ta’an, isa kamitu yeroo hunda sirrii dha?

51 / 100

her 51. Lakkoofsota lakkaawwii m fi n yoo m > n fi m’n yammuu hiramu n’f, r’n haftee fi q’n gahee yoo ta’an isa kamitu yeroo hunda sirrii miti?

52 / 100

her 52. Mee x fi y’n lakkoofsota hundaa lama ta’anii 2 hirmaataa x fi y’n baay’ataa 3 yoo ta’an, isa kamitu yeroo mara sirrii dha?

53 / 100

her 53. Maxxantuun dursituu fankishinii polinoomiyaalii, f(x) = 2x^3 + x^2 – 3x^2 + 4x – 6

54 / 100

her 54. Tuutni furmaataa hima walcaalmaa 2+2x ≤ 5x + 8 ≤ 2x +14, mandhee tuutaa intiijerii irratti,

55 / 100

her 55. Yoo sararri L1: y =ax +b fi sararri L2: y = 2x +3y =12 waliin Parpeendikulaarii ta’ee fi tuqaa (2, 3) keessa darba yoo ta’e gatiin b meeqa ta’a?

56 / 100

her 56. Tuuta miseensota 5 qabuuf baay’inni cita sirrii tuutaa meeqa?

57 / 100

her 57. Ida’amni lakkoofsota intijerii mango walitti aanan lamaa 16 yoo ta’e, kanneen armaan gadii keessaa waa’ee lakkoofsota lamaanii sirrii kan hin ta’in isa kami?

58 / 100

her 58. Mee A fi B’n tuutota lama yoo ta’an, kanneen armaan gadii keessaa kamitu hariiroo sirrii miti?

59 / 100

her 59. Mee f(x) = 2x^2 – 1 yoo ta’e, waa’ee f(x) soba kan ta’e isa kami?

60 / 100

her 60. Mee θ’n kofa pozatiivii qarxii sadaffaa keessatti argamu haa ta’u. Kanneen armaan gadii keessaa hariiroo sirrii kan ta’e isa kami?

61 / 100

her 61. Dhuqunqulli qabeen isaa 36 cm^3 ta’ee bal’inni dirra cinaacha isaa meeqa ta’a?

62 / 100

her 62. Waa’ee rog afrootaa yeroo hunda sirrii kan ta’e isa kami?

63 / 100

her 63. Naannawinnii fi bal’inni iskuweerii tokkoo lakkoofsaan walqixa yoo ta’e dheerinni roga iskuweerii kanaa hammam ta’a?

64 / 100

her 64. Safarri tokkoo tokkoo kofa rog-baay’ee konveeksii sirnaawaa tokkoo digirii 144 dha. Rogbaay’een kun baay’ina rogootaa meeqa qaba?

65 / 100

her 65. Mee P1 fi P2 rog-baay’ee konveeksii lama yoo ta’an kanneen armaan gadii keessaa himama dhugaa kan ta’e isa kami?

66 / 100

her 66. Dhundhulli sarara tuqaalee P1(a,b) fi P2(b,a) keessa darbuu:

67 / 100

her 67. Carraan barattoota firiin gatii gidduutii gadi galmeessisanii filachuu:

68 / 100

her 68. Sababa sirreeffamaatiin qabxiin barattoota tokkoo tokkoo 2’n yoo dabale gatiin giddugala daataa haaraa meeqa ta’a?

69 / 100

her 69. Gatii giddugala daataa dheedhee 6, 8, 7, 5, 8, 9, k, 6 yoo ta’e marmaartuun meeqa ta’a?

70 / 100

her 70. Tuuta cimdii tartii kamtu fankishinii ta’a?

71 / 100

her 71. Tuuta jechootaa kamtu barattoonni odeeffannoo akka adeemsisan gaafata?

72 / 100

her 72. Maateeriyaaliin baruu- barsiisuu dirqama kamiin walqabachuu qaba?

73 / 100

her 73. Kanneen armaan gadii keessaa tokko xiinsammuu piriinsipilii barsiisuu miti?

74 / 100

her 74. Amalli dhuunfaa fi karaa mijataan walittiqabuu, hiikuu, qindeessuu fi waa’ee yaaduu odeeffannoo kan ilaallatu:

75 / 100

her 75. Kanneen armaan gadii keessaa tokko daree si’aayinaan barachuu keessatti gahee barsiisaa herregaa miti.

76 / 100

her 76. Barsiisuu keessatti tarkaanfii barbaachisaan jalqabaa:

77 / 100

her 77. Barsiisaan meeshaalee deggersa barnootaa kan itti fayyadamuuf:

78 / 100

her 78. Afaan kompiitaraa kan irratti hundaa’u:

79 / 100

her 79. Yammuu od-ibsaa sababii barattootni gaaffilee gaafatamaniif:

80 / 100

her 80. Karoorri barannoo yammuu qophaa’u tartiiba barannoo ilaaluuf beekumsa itti fayyadamu:

81 / 100

her 81. Karoora waggaa bu’a qabeessaa fi gatiqabeessa ta’e qopheessuuf, barsiistonni isaan armaan gadii kana irratti xiyyeeffachuu qaban tokko malee?

82 / 100

her 82. Kaayyoon iyyaafannaa adeemsa keessaa:

83 / 100

her 83. Barsiisonni herregaa kutaa 5-6 barsiisan iyyaafannaa adeemsa keessaa yuunitii isaa/ ishii keessatti hammachiisuu barbaada. Kana maal keessatti hayyamsiisuu qaba/di?

84 / 100

her 84. Iyyaafannaa baay’ee gaarii ta’e (high-quality) maal irraa bilisa ta’uu qaba?

85 / 100

her 85. Odeeffannoon iyyaafannaa barattootaa irraa argamu murtii barumsaa dabarsuuf odeeffannoo kennuuf garagaara:

86 / 100

her 86. Haala haaraa keessatti dandeettiin beekumsatti fayyadamuu fi piroobileemii dura hinbeekamne furuun:

87 / 100

her 87. Baruu-barsiisuu daree keessaa deggaruuf yookiin fedhii barattootaa kakaasuuf maateeriyaalii barsiisaan itti fayyadamu maal jedhama?

88 / 100

her 88. Karoora barannoo qopheessuu keessatti, barannoo darbe yaadachiisuun kan shaakalamu qaama karoora barannoo kam keessatti?

89 / 100

her 89. Adeemsi waa’ee barachuu barattootaa odeeffannoo walittiqabuu fi waa’ee barachuu barattootaa tilmaama raawwachuuf ragaalee hiikuun:

90 / 100

her 90. Tartiibni sirriin murna beekumsaa ta’e:

91 / 100

her 91. Barsiisaan tokko himama “Ida’amni lakkoofsota mangoo lamaa kamiiyyuu lakkoofsa guutuu dha” jedhu bira gahuuf fakkeenyota adda addaa fudhachuun yaada waliigalaa bira gahe.Barsiisan kun mala kamitti fayyadame?

92 / 100

her 92. Faayidaan meeshaaleen deggarsa barnootaa leecalloo naannoo irraa qophaa’u kan ammayyaa irratti qabu kna hin taane kami?

93 / 100

her 93. Qaama karoora waggaa kan hin taane kami?

94 / 100

her 94. Barattoota yaad-rimee qoyyaba baay’isuu yeroo jalqabaaf barsiisuu yoo barbaadde dandeettii bu’uuraa barattootni qabaachuu qaban isa kami?

95 / 100

her 95. Barsiisan tokko karoora barannoo qopheeffachuun dura gaaffilee of gaafachuu qabu keessaa tokko maalan barsiisa kan jedhuu dha. Kun kan agarsiisu kannen armaan gadii keessaa isa kami dha?

96 / 100

her 96. _____ akkaataa gocha barsiisotni itti yaada isaanii qindeessuun waa’ee eenyuu, maalinni, fi akkaamittiin issan barsiisuu dha.

97 / 100

her 97. Karoorri barnootaa gaariin kanneen armaan gadii keessaa tokko haammata.

98 / 100

her 98. Kaayyoon herregni akka barsiifamuu qabu barbaachiseef:

99 / 100

her 99. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaa dha?

100 / 100

her 100. Barsiisaan tokko barattoota isaa qabiyyee “walitti galummaa rog-sadoota lamaa” jedhu barsiisuuf barattoonni waraqaa muruun akka agarsiisan taasise, barattoonnis ni hojjetan, barsiisaan mala kamitti fayyadame?

Your score is

The average score is 72%

0%

Share this

1 thought on “Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Exit mobile version