Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf 1 Comment / COC Models / By admin Take COC Exam Online 32 Created on September 07, 2020 By admin Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf 1 / 100 her 1. Amalli qooyyabaa hima wal-qixa a+ (b+c) = (a+b) +c agarsiifame kami? Amala jijjiirraa cuftuu (hammattuu) kan ida’uu Amala jijjiirraa iddoo kan ida’uu Amala raabsamaa Amala of-taasisaa kan ida’uu 2 / 100 her 2. Ibsamni 15 -5 [3+7(-4) salphatu meeqa ta’a? 125 -127 140 -135 3 / 100 her 3. Yoo n+8 intijarii mangoo bakka bu’e, intijarii mangoo guddaan itti aanu kamiin bakka bu’a? n+10 n+9 n+7 n+6 4 / 100 her 4. Barsiisaan fedhii yeroo boqonnaa barattootaa gola keessatti gaafatee firiin {deebiin} argate danaa armaan gadiitiin dhiyaate. Yoo barattoonni 20 gola keessaatti argaman, barattoonni yeroo boqonnaa isaanii fedhii kitaaba dubbisuu hin qabne meeqa? 10 11 13 15 5 / 100 her 5. Gatiin shamizii tokkoo osoo hir’inni gatii hin godhamin dura qarshii 80 ture, Yoo shamizichi hir’ina gatii 25% tiin gurgurame, gatiin gurgurtaa isaa meeqa? 45 50 55 60 6 / 100 her 6. Mindaan Jamiilaa akkuma baay’ina sa’aatii isheen hojjattuun kallattiin jijjirama.Yoo mindaan ishee sa’aatii 5’f qarshii 85 ta’e, sa’aatii 30’f yoo hojjatte qarshii meeqatu kaffalamaaf? 420 480 500 510 7 / 100 her 7. Saffisni giirii akka baay’ina ilkaan isaatiin al-kallattiin jijjiirama.Yoo giiriin ilkaan 24 qabu Saffisa 45 marsaa./daqiiqaa naanna’e, giiriin ilkaan 36 qabu marsaa./daqiiqaa meeqa naanna’a? 67.5 30 40 4 8 / 100 her 8. Hirmaataan walii guddaan (HWG) lakkoofsota 990 fi 6600 meeqa? 256 280 330 84 9 / 100 her 9. Yoo baay’ataan lakkoofsota lamaa 2,250 ta’ee fi hirmaataan walii guddaan (HWG) isaanii 5 ta’e, hiramaan walii xiqqaan (HWX) isaanii meeqa ta’a? 145 450 255 250 10 / 100 her 10. Kamtu galagaltoo hima wal-qixa y=13x+2ti? y=2x+13 y=-13x-2. y=(x-2)/13 y= (x-13)/2 11 / 100 her 11. Kan armaan gadii keessaa kamtu Citaa tuuta {1,{2},{1,2}} hin taane? {1} {2} {{1, 2}} {1, {1,2}} 12 / 100 her 12. Waajjiraalee 120 keessaa, 68 gaazexaa Addis Zemen’f kaffalu,47 gaazexaa Etiyoophiyaan Heelaardi’f kaffalu fi 36 Etiyoophiyaan Heelaardi qofaaf kaffalu. Kan armaan gadii keessaa lakkoofsa waajjiraalee gaazexaa kamiifuu hin kaffalle kami? 12 15 16 18 13 / 100 her 13. Yoo 2x+5=-25 fi -3m-6=48 ta’e, baay’ataan x fi m meeqa ta’a? -270 -33 -324 270 14 / 100 her 14. Hawwaa fi Saaraan kaafteeriyaatti laaqana nyaatan. Hawwaan ‘hanqaaquu’ 3 fi ‘daabboo’ 2 ajajatte. Saaraan immoo ‘hanqaaquu 2 fi ‘daabboo’ 3 ajajatte.Nagaheen Hawwaa qarshii 6, fi kan Saaraa immoo qarshii 5.25 ture. Kan armaan gadii keessaa gatii (qarshiin) ‘hanqaaquu’ tokkoo kan ta’e kami? 1.5 2.0 3.5 4.0 15 / 100 her 15. Gatii m hima wal qixa armaan gadii dhugoomsu kami?m/3 + 3(m-1)/2 = 2(m-3) 6.5 27 8.5 9.0 16 / 100 her 16. Sararri wal- tarree sarara y – 2x = 4 ta’e kami? y = 2x+6 y = 4x-2 y = -2x + 4 y = x + 4 17 / 100 her 17. Himni wal-qixa sarara qajeelaa tuqaa (-2, 7) keessa darbee siiqqee x’f perpedikulaarii ta’u kami? 2 -2 -7 7 18 / 100 her 18. Safarri tokkoo tokkoo kofa alaa rog- baay’ee sirnaawaaabbaa rogoota 18 ti digirii meeqa? 18 20 90 16 19 / 100 her 19. Yoo tanθ=2.7 fi cscθ<0 ta^’ e,θ^’ n qarxii kami keessatti argama? Qarxii 1ffaa Qarxii 3ffaa Qarxii 2ffaa Qarxii 4ffaa 20 / 100 her 20. Fakkii armaan gadii irratti sararri dhaabbataan BD fi AE tuqaa C irratti wal qaxxaamuru, Kofti B fi kofti D kofoota sirrii dha, BC=3, AB= 4, fi CE = 15. Dheerinni ED meeqa? 5 8 9 1 21 / 100 her 21. Safarri tokkoon tokkoo kofoota keessaa rog-baay’ee sirnaawaa 135° yoo ta’e rogbaay’ichi___________ dha. Heksaagoonii Pentaagoonii Deekaagoonii Oktaagooni 22 / 100 her 22. Dheerinni rogoota rog-sadee yuuniti 4,5fi 8 dha.Yoo rogni dheeraa rog-sadee walfakkaataa yuunitii 22 ta’e, dheerinni roga gabaabaa rog-sadee kanaa yuunitii meeqa? 8 9 10 11 23 / 100 her 23. Qabeen taankarii hundee reektaangulaawaa 3,360cm dha. Dheerinnii fi dalgeen taankarii kanaa walduraa duubaan 14 cm fi 12cm dha.Ho jjaa taankarii cm meeqa ta’a? 17 cm 18cm 20 cm 2cm 24 / 100 her 24. Daayii tokkoo fi saantimni tokko al tokko furursinee carraan mataa (H) fi lakkoofsa guutuu argachuu hagami? 1/2 1/6 1/4 1/2 25 / 100 her 25. Kan armaan gadii keessaa safartuu handhuuraa ta’uu kan hin dandeenye kami? Gatii gidduu Gatii marmaartuu Gatii giddu gala artimeetikii Reenjii 26 / 100 her 26. Lakkoofsonni 14, 16, 18 fi y gatii giddu gala artimeetikii 16 yoo qabaatan, gatii y meeqa? 11 13 15 16 27 / 100 her 27. Gatiin gidduu x – 4, x, 2x fi 2x + 12 yoo 9 ta’e, x ∊ Z+ , gatiin x meeqa? 6 12 8 9 28 / 100 her 28. Qormaata barattoota 56’n fudhatameen, qabxiin(firiin) 84 parsantaayilii 75ffaa dha. Barattoota meeqatu qabxii (firii) ≤84 argatan? 36 38 42 46 29 / 100 her 29. Carraan Muddee 2, 2019 roobuu 0.7 yoo ta’e carraan guyyaa jedhame kanatti hin roobnee hagami? 0.7 0.1 0.2 0 30 / 100 her 30. Citaan tuutaa, tuuta ta’iinsa yaalii tokkoo maal jedhama? Tuuta ta’iinsaa Firii (bu’aa) yaalii Carraa Yaali 31 / 100 her 31. Waggaa 18’n dura umuriin abbaa umurii mucaa isaa dachaa sadi ture.Yeroo ammaatti umuriin abbaa dachaa lama umurii mucaa isaati.Umuriin mucaa waggaa lamaan booda meeqa ta’a? 18 38 38 72 32 / 100 her 32. Kitaabonni gatiin isaanii walqixaa 6 qarshii 36 yoo ta’e kitaabonni akkasii 9 gatiin isaanii qarshii meeqa ta’a? 72 54 60 44 33 / 100 her 33. Barattoota 60 daree tokko keessa jiran keessaa 19 qorumsa Afaan Oromoo kan fudhatan yoo ta’u 11 ammoo Afaan Oromoo fudhatanii Herrega hin fudhanne.Baay’inni barattootaa Afaan oromoo fi Herrega fudhatanii meeqa? 8 30 19 49 34 / 100 her 34. Faankishinoota armaan gadii keessaa kan galagaltoon isaa faankishinii ta’e kami? f(x) = x^2 +1 h(x) = 2x^2 + 5x – 6 g(x) = -11x – 51 k(x) = x^4 +16 35 / 100 her 35. Lakkoofsotni sadii reeshoo 1:2:3 fi HWG isaanii ammoo 12 yoo ta’e lakkoofsotni kun kami ta’u? 4, 8, 12 10, 20, 30 12, 24, 36 5, 10, 15 36 / 100 her 36. Himoota armaan gadii keessa kan dhugaa hin taane isa kami? Rogoonni fuullee rektaangilii waltarree fi walitti galoodha. Sarbiiwwan roombasii kofa keessa darban walqixatti hiru. Iskuweeriin kamiyyuu roombasii dha. Kuwaadiraalatiraaliin kamiyyuu paralelloogiraamii dha 37 / 100 her 37. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu rog-baay’ee ta’uu hin dandeenye? Rog-sadee ayisoosilesii Rog-kurnee Danaa rogaa dhibbaa Geengoo 38 / 100 her 38. Xaasaan dhugaatii ta’e qabu tokko olee 21cm fi diyaameetirii 8cm yoo qabaate, qabeen xaasaa kanaa hagam? 168πcm^2 200πcm^2 336πcm^2 1428πcm^2 39 / 100 her 39. Himoota armaan gadii keessaa kan yeroo hunda dhugaa ta’e kami? Tuuta daataa kenname kamiifuu gatii marmaartuu argachuun ni danda’ama. Tuutni daataa kenname tokko gatii giddu galaa tokkoo ol qabaachuu ni danda’a. Tuuta daataa kenname kamiyyuu keessatti gatiin marmaartuu tokko qofa dha. Tuuta daataa tokkoof ida’amni maqiinsota gatiiwwan gatii giddu gala artimeetikii irraa qaban zeeroo ta’a. 40 / 100 her 40. Mee ∆ABC fi ∆LMN rog-sadoota walfakkaatoo haa ta’an. Dheerinni roga ∆ABC kan walitti dhufoo isaa roga ∆LMN dachaa shan yoo ta’e reeshoon naannawaa ∆LMN gara ∆ABC meeqa ta’a? 5:1 25:1 1:5 1:25 41 / 100 her 41. Fageenyi tuqaa (3,-4) fi siiqqee X gidduu jiru meeqa? 3 4 5 -4 42 / 100 her 42. Mukni dheerina 10m qabu tokko fiixee utubaa bilbilaatti hirkachuun lafa waliin kofa 60° uume jira. Dheerinni utubaa bilbilichaa meeqa? 5m 20 sqrt(3) m 5 sqrt(3) m 10 sqrt(3) m 43 / 100 her 43. Ibsamni, Cot^2(θ){tan^2(θ) +tan^4 (θ ) }, yeroo salphatu kanneen armaan gadii keessa kami ta’a? Csc^2(θ) sec^2(θ) secθcotθ cscθsecθ 44 / 100 her 44. Qabeen piriizimiii rog-sadawaa hundeen isaa rog-sadee kofa sirrii dheerinni miilota isaa 6cm fi 8cm fi oleen piriizimichaa 10cm ta’e hammam ta’a? 480m^3 240m^3 380m^3 288m^3 45 / 100 her 45. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamitu amala tuuta lakkoofsa hundaa ti? 1 miseensa of taasisaa hundaa ti. 1 malee lakkoofsi hundaa galagaltoo baay’isuu qabu hinjiru. 0’n miseensa of taasisaa baay’isuu ti’. Lakkoofsa hundaa x kamiifuu lakkoofsa hundaa kan ta’e y’n ni jira akka x+y=0 46 / 100 her 46. Yoo k’n lakkoofsa hundaa ta’ee 3<k<7 kanneen armaan gadii keessaa gatii k ta’uu kan hin dandeenye kami? 3 4 5 6 47 / 100 her 47. Hojii sa’aatii 8tiif qarshii 75 yoo argatte torbanitti sa’aatii 48 yoo hojjette kafaltiin kee kan torbee meeqa? qarsii 450 qarshii 600 qarshii 560 qarshii 500 48 / 100 her 48. Daldalaan tokko juusii kuusaa saanduqa 96 of keessaa qabu keessaa baasee saanduqa 24 gurgure.Juusii kuufame keessaa dhibbantaa meeqatu gurgurame? 15% 20% 25% 30% 49 / 100 her 49. Barsiisaan 10%, 30% fi 60% tartiibaan battallee, qorumsa giddugaleessaa fi qorumsa xumura semesteeraatiin qabuuf murteesse.Barataan battallee, qorumsa giddugaleess fi qorumsa xumura semesteeraa irratti tartiibaan 60, 70 fi 75 yoo galmeessise qabxiin barataa kanaa: 68.3 70 72 65 50 / 100 her 50. .Lakkoofsota intijerii x, y, z fi k kamiifuu, x > y fi y > z yoo ta’an, isa kamitu yeroo hunda sirrii dha? k < z kx > kz kx < ky x + k > z + k 51 / 100 her 51. Lakkoofsota lakkaawwii m fi n yoo m > n fi m’n yammuu hiramu n’f, r’n haftee fi q’n gahee yoo ta’an isa kamitu yeroo hunda sirrii miti? r = 0 r > n q > n q < m 52 / 100 her 52. Mee x fi y’n lakkoofsota hundaa lama ta’anii 2 hirmaataa x fi y’n baay’ataa 3 yoo ta’an, isa kamitu yeroo mara sirrii dha? x + y baay’ataa 6 ti 6 hirmaataa xy ti. 2 hirmaataa x – y ti 3 hirmaataa x + y ti 53 / 100 her 53. Maxxantuun dursituu fankishinii polinoomiyaalii, f(x) = 2x^3 + x^2 – 3x^2 + 4x – 6 2 -3 1 -6 54 / 100 her 54. Tuutni furmaataa hima walcaalmaa 2+2x ≤ 5x + 8 ≤ 2x +14, mandhee tuutaa intiijerii irratti, {x∊R: -2 ≤ x ≤ 2} C. {-2, -1, 0, 1, 2} {-1, 0, 1} {-2, -1, 0, 1, 2} {} 55 / 100 her 55. Yoo sararri L1: y =ax +b fi sararri L2: y = 2x +3y =12 waliin Parpeendikulaarii ta’ee fi tuqaa (2, 3) keessa darba yoo ta’e gatiin b meeqa ta’a? -6 0 3 12 56 / 100 her 56. Tuuta miseensota 5 qabuuf baay’inni cita sirrii tuutaa meeqa? 32 2^n 16 31 57 / 100 her 57. Ida’amni lakkoofsota intijerii mango walitti aanan lamaa 16 yoo ta’e, kanneen armaan gadii keessaa waa’ee lakkoofsota lamaanii sirrii kan hin ta’in isa kami? Ida’amni iskuweerota lakkoofsota tokkoo tokkoo 130 Caalmaan iskuweerota lakkoofsota tokkoo tokkoo 32 Ida’amni lakkoofsa xiqqicha si’a lamaa fi lakkoofsa guddichaa 25 Baay’ataan lakkoofsota lamaanii 63 58 / 100 her 58. Mee A fi B’n tuutota lama yoo ta’an, kanneen armaan gadii keessaa kamitu hariiroo sirrii miti? A’n cita tuutaa B fi B’n cita tuutaa A yoo ta’e, A = B Caalmaan A fi B tuuta duwwaa yoo ta’e, A’n cita tuutaa B ta’a. A U B = A n B yoo ta’e, A’n cita sirrii B ti. Tuutni kamiiyyuu cita tuutaa mataa isaa ti. 59 / 100 her 59. Mee f(x) = 2x^2 – 1 yoo ta’e, waa’ee f(x) soba kan ta’e isa kami? f (-1) = 1 f(x) fankishinii guutuu dha f(x) fankishinii mangoo dha f(x) = f(-x) 60 / 100 her 60. Mee θ’n kofa pozatiivii qarxii sadaffaa keessatti argamu haa ta’u. Kanneen armaan gadii keessaa hariiroo sirrii kan ta’e isa kami? Sinθ = Sin(270 – θ) Cosθ = -Cos(270 – θ) Sinθ = -Sin(θ – 180) Cosθ = Cos(θ -180) 61 / 100 her 61. Dhuqunqulli qabeen isaa 36 cm^3 ta’ee bal’inni dirra cinaacha isaa meeqa ta’a? 36 cm^2 9 cm^2 27 cm^2 18 cm^2 62 / 100 her 62. Waa’ee rog afrootaa yeroo hunda sirrii kan ta’e isa kami? Reektaangiloonni hundi walfakkaatoo dha. Iskuweeriin hund walittigaloo dha. Reektaangiliin kamiiyyuu paraleeloogiraamii dha. Paraleeloogiraamiin roombasii dha 63 / 100 her 63. Naannawinnii fi bal’inni iskuweerii tokkoo lakkoofsaan walqixa yoo ta’e dheerinni roga iskuweerii kanaa hammam ta’a? 12 cm 8 cm 4 cm 16 cm 64 / 100 her 64. Safarri tokkoo tokkoo kofa rog-baay’ee konveeksii sirnaawaa tokkoo digirii 144 dha. Rogbaay’een kun baay’ina rogootaa meeqa qaba? 8 9 10 11 65 / 100 her 65. Mee P1 fi P2 rog-baay’ee konveeksii lama yoo ta’an kanneen armaan gadii keessaa himama dhugaa kan ta’e isa kami? P1 fi P2 walfakkaatoo yoo ta’an rog-baayée walitti galoo dha. P1 fi P2 walittigaloo yoo ta’an rog-baay’ee walfakkaatoo dha. Bal’inni P1 fi P2 walqixa yoo ta’an rog-baay’ee walittigaloo dha. Hunduu deebii dha. 66 / 100 her 66. Dhundhulli sarara tuqaalee P1(a,b) fi P2(b,a) keessa darbuu: -1 0 b – a hiika hinqabu 67 / 100 her 67. Carraan barattoota firiin gatii gidduutii gadi galmeessisanii filachuu: 0.5 0.3 0.2 0.6 68 / 100 her 68. Sababa sirreeffamaatiin qabxiin barattoota tokkoo tokkoo 2’n yoo dabale gatiin giddugala daataa haaraa meeqa ta’a? 7.7 7.5 7 7.3 69 / 100 her 69. Gatii giddugala daataa dheedhee 6, 8, 7, 5, 8, 9, k, 6 yoo ta’e marmaartuun meeqa ta’a? 6 7 8 marmaartuu hinqa 70 / 100 her 70. Tuuta cimdii tartii kamtu fankishinii ta’a? {(0,4),(2,4),(2,5),(3,1)} {(6,0),(5,0),(4,0),(3,0)} {(4,1),(6,2),(4,0)} {(0,4),(1,4),(0,5),(1,5)} 71 / 100 her 71. Tuuta jechootaa kamtu barattoonni odeeffannoo akka adeemsisan gaafata? Gargar baasi, tarreessi Hojiirra oolchi, guuti Dorgomsiisi, walbira qabii madaali Tilmaami, mal-dhahi 72 / 100 her 72. Maateeriyaaliin baruu- barsiisuu dirqama kamiin walqabachuu qaba? Qajeelcha koorsii Sirna barnootaa Sadarkaa barattootaa Tooftaa barsiisuu 73 / 100 her 73. Kanneen armaan gadii keessaa tokko xiinsammuu piriinsipilii barsiisuu miti? Qabatama irraa gara walxaxaatti adeemuu Walxaxaa irraa gara salphaatti adeemuu Waan beekamu irraa gara waan hinbeekamneetti adeemuu Salphaa irraa gara ulfaataatti adeemuu 74 / 100 her 74. Amalli dhuunfaa fi karaa mijataan walittiqabuu, hiikuu, qindeessuu fi waa’ee yaaduu odeeffannoo kan ilaallatu: Kaayyoo barachuu Kaayyoo barsiisuu Karaalee (styles) ittiin barsiisan Karaalee (styles) ittiin baratan 75 / 100 her 75. Kanneen armaan gadii keessaa tokko daree si’aayinaan barachuu keessatti gahee barsiisaa herregaa miti. Gochaalee adda addaa erga barattootaaf kenneen booda barattoota gargaaruu fi Supparvaayiz godhuu Naannoo baruu fi yaaduu daree barumsaa keessatti uumuu Deebii gaarii fi xaarii barattootaaf galata galchuu yookiin dinqisiifachuu Yaadannoo barreessuu 76 / 100 her 76. Barsiisuu keessatti tarkaanfii barbaachisaan jalqabaa: Mataduree yookiin gosa barumsaaf karoorfachuu Gosa barumsaaf dandeettii barattoonni dura qaban qindeessuu Maateeriyaalii barsiifamu qindeeffachuu Dandeettii barattoonni dura qaban beekuu 77 / 100 her 77. Barsiisaan meeshaalee deggersa barnootaa kan itti fayyadamuuf: Barsiisuu gammachiisaa taasisuuf Barsiisuu sadarkaa hubannaa barattootaatiin raawwachuuf Baraattoota qalbii isaanii harkisuuf Waa’ee faayidaa isaa 78 / 100 her 78. Afaan kompiitaraa kan irratti hundaa’u: Sirna lakkoofsaa irratti Sirna mallattoo irratti Sirna siriyaalii Sirna koodingii 79 / 100 her 79. Yammuu od-ibsaa sababii barattootni gaaffilee gaafatamaniif: Barattoonni od-ibsa haala gaariin dhaggeeffachuu yookiin dhiis uu isaanii Mirkaneeffachuuf Barataa cimaan kam akka ta’e mirkaneeffachuuf Barattoonni od-ibsa hubachuu fi dhiisuu isaanii adda baafachuuf Barattoota gargaaruuf 80 / 100 her 80. Karoorri barannoo yammuu qophaa’u tartiiba barannoo ilaaluuf beekumsa itti fayyadamu: Barachuu barattootaa Qabiyyee Istiraateejiiwwan bu’a qabeessa barsiisuu Hunduu deebii dha 81 / 100 her 81. Karoora waggaa bu’a qabeessaa fi gatiqabeessa ta’e qopheessuuf, barsiistonni isaan armaan gadii kana irratti xiyyeeffachuu qaban tokko malee? Karoorri waggaa yeroo baay’ee akka dokumantii hojiitti ilaalama. Karoorri waggaa yeroo baay’ee akka bu’aa dhumateetti ilaalama Karoorri barannoo yeroo baay’ee” xumuraaf akka karaatti” fi fooyya’iinsi walirraa hincinne akka qaama adeemsichaatti ilaalama Barsiistonni sirna barumsaa beekuufi itti fayyadamuu qabu.Akkasumas akkamitti karoorfachuun isaaniifi, barattoota isaanii itti gargaaru, bu’aa irratti osoo yookiin waan namni tokko eegu irratti mit. 82 / 100 her 82. Kaayyoon iyyaafannaa adeemsa keessaa: Duub-deebii yeroo yeroon kennuu Dubbisaaf qabxii kennuu Herregaaf qabxii kennuu Tajaajila barumsaa adda ta’e kennuu 83 / 100 her 83. Barsiisonni herregaa kutaa 5-6 barsiisan iyyaafannaa adeemsa keessaa yuunitii isaa/ ishii keessatti hammachiisuu barbaada. Kana maal keessatti hayyamsiisuu qaba/di? Gaaffilee qoomaa hincaaseffamne gaafachuu Daawwannaa Sochii qaamaa hordofuu Woork shiittii, hojii manaa fi battallee 84 / 100 her 84. Iyyaafannaa baay’ee gaarii ta’e (high-quality) maal irraa bilisa ta’uu qaba? Waalta’insa (istaandaardii eegsisuu) Yaada murtaa’aa kan qabu (objectivity) Loogummaa Gaaffilee yammuu qopheessan galtee barsiistonni raawwatan 85 / 100 her 85. Odeeffannoon iyyaafannaa barattootaa irraa argamu murtii barumsaa dabarsuuf odeeffannoo kennuuf garagaara: Cimina, laafinaa fi fooyya’iinsa barattootaa hordofuu Sadarkaalee barsiisuu mijataa ta’an kennuu Barumsaa fi filannoo iddoo isaaniitiif barattoonii murtii odeeffannoo irratti hunda’e akka dabarsaniif gargaara Hunduu deebii dha 86 / 100 her 86. Haala haaraa keessatti dandeettiin beekumsatti fayyadamuu fi piroobileemii dura hinbeekamne furuun: Hubachuu Yaadachuu Beekuu Qaaccessuu 87 / 100 her 87. Baruu-barsiisuu daree keessaa deggaruuf yookiin fedhii barattootaa kakaasuuf maateeriyaalii barsiisaan itti fayyadamu maal jedhama? Mala barsiisuu Barsiisuu dabalataa Meeshaa deggersa barumsaa Meeshaa barsiisuu 88 / 100 her 88. Karoora barannoo qopheessuu keessatti, barannoo darbe yaadachiisuun kan shaakalamu qaama karoora barannoo kam keessatti? Dhiheessuu Madaaluu Seensa Cimsuu 89 / 100 her 89. Adeemsi waa’ee barachuu barattootaa odeeffannoo walittiqabuu fi waa’ee barachuu barattootaa tilmaama raawwachuuf ragaalee hiikuun: Barsiisuu fi barachuu Iyyaafannaa Kaardii gabaasaa Too’annaa maqaa 90 / 100 her 90. Tartiibni sirriin murna beekumsaa ta’e: Beekumsa, hubannoo, hojiirra oolchuu, walittifiduu (synthesis), qaaccessuu, madaaluu Beekumsa, hojiirra oolchuu, hubannoo, madaaluu, qaaccessuu, walittifiduu (synthesis) Beekumsa, hubannoo, madaaluu, hojiirra oolchuu, walittifiduu (synthesis) qaacceessuu Beekumsa, hubannoo, hojiirra oolchuu, qaaccessuu, walittifiduu (synthesis), madaaluu 91 / 100 her 91. Barsiisaan tokko himama “Ida’amni lakkoofsota mangoo lamaa kamiiyyuu lakkoofsa guutuu dha” jedhu bira gahuuf fakkeenyota adda addaa fudhachuun yaada waliigalaa bira gahe.Barsiisan kun mala kamitti fayyadame? Mala didaaktiivii Mala indaaktiivii Mala piroobleemii furuu Mala yaalii 92 / 100 her 92. Faayidaan meeshaaleen deggarsa barnootaa leecalloo naannoo irraa qophaa’u kan ammayyaa irratti qabu kna hin taane kami? Sirrummaa isaa Barataa hirmaachisuu isaa Baasii salphaan argamuu isaa Deebiin hin kennnamne 93 / 100 her 93. Qaama karoora waggaa kan hin taane kami? Qabiyyee Kaayyoo gooree Tooftaalee iyyaafannaa Qoodama yeroo 94 / 100 her 94. Barattoota yaad-rimee qoyyaba baay’isuu yeroo jalqabaaf barsiisuu yoo barbaadde dandeettii bu’uuraa barattootni qabaachuu qaban isa kami? Lakkoofsota lakkaa'uu danda'uu Lakkoofsa guddaa irraa xiqqaa hir'isuu danda'uu Lakkoofsota haftee malee hiruu danda'uu Ida'uu lakkoofsotaa danda'uu 95 / 100 her 95. Barsiisan tokko karoora barannoo qopheeffachuun dura gaaffilee of gaafachuu qabu keessaa tokko maalan barsiisa kan jedhuu dha. Kun kan agarsiisu kannen armaan gadii keessaa isa kami dha? Tooftaa baruu barsiisuu Qabiyyee barsiisuu Mala baruu barsiisuu filachuu Eenyummaa barataa adda baafachuu 96 / 100 her 96. _____ akkaataa gocha barsiisotni itti yaada isaanii qindeessuun waa’ee eenyuu, maalinni, fi akkaamittiin issan barsiisuu dha. Karoorsuun Madaaluun Barachuun Iyyaafannaan 97 / 100 her 97. Karoorri barnootaa gaariin kanneen armaan gadii keessaa tokko haammata. Kaayyoo biragahamu Beekumsa duraabarbaada ykan bu’uureeffata Mala madaallii fayyadamamuu qabu qaba Hunda 98 / 100 her 98. Kaayyoon herregni akka barsiifamuu qabu barbaachiseef: Haamilee onnaachisuu fi aadaaf dha. kaayyoo naamusaa eeguuf kaayyoo qabatamaaf hunduu deebiidha 99 / 100 her 99. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaa dha? Malli baruu barsiisuu kamiyyuu qabiyyee heerregaa kamiifuu mijataa dha. Herregni daandii jijjiirama hiika ijaarsa waa’ee addunyaa ykn naannoo keenyaa waliin deemu dha. Hammamiyuu kutaa 5 fi kutaa 6 tti herrgaan cimaa ta’uun, namoota hundaaf beekamaa miti. Gaaffiilee herregaa ciccimaa kan haala qabatamaa jireenya waliin hariiroo hinqabne baasuun ykn piroobleemootni fedhii herregaa barattootaa dabalu. 100 / 100 her 100. Barsiisaan tokko barattoota isaa qabiyyee “walitti galummaa rog-sadoota lamaa” jedhu barsiisuuf barattoonni waraqaa muruun akka agarsiisan taasise, barattoonnis ni hojjetan, barsiisaan mala kamitti fayyadame? Mala rakkoo-hiikuu Mala yaalii (gochaan agarsiisuu) Mala ol-xiinxalaa Piroojektii Your score isThe average score is 72% LinkedIn Facebook VKontakte 0% Restart quiz Modeela COC Bara 2012 Muummee Herreegaaf PDFDownload Share this
Gemechu Beyene