Modeela COC Bara 2012 Muummee Afaan Oromoof Leave a Comment / COC Models / By admin Take COC Exam Online 0 Created on September 07, 2020 By admin Modeela COC Bara 2012 Muummee Afaan Oromoof Modeela COC Bara 2012 Muummee Afaan Oromoof 1 / 200 afor 1. Jechoota armaan gadii keessaa kan hudhaan iddoo sirriitti barreeffame isa kami? Ree’e Qee’e Bala’aa Ba’aa 2 / 200 afor 2. Sirna tuqaalee sirriitiin barreeffamee kan argamu filadhu: Gammachuun mana barumsaa deeme? Abbaan Afraasaa boru dhufaa. Sareen nu nyaattee eessa seenna, Bilisummaan mana barumsaa jirti 3 / 200 afor 3. Hima ’Goobanaan obboleessa isaa waliin dhufe’ jedhu keessatti dhamjechi hennaa darbe argisiisu jecha kamirratti maxxanee argama? Goobanaan Obboleessa Dhufe Waliin 4 / 200 afor 4. Jechoota armaan gadii keessaa kan dhamjecha {-dhaan} hinmaxxanfanne isa kami? Miila Kophee Qarabaa Qottoo 5 / 200 afor 5. Gamoon sun bu’uuruma isaarraayyuu haalaan waan hinijaaraminiif jige. Hiikni jecha jala muramee: Baaxuma Ka’umsuma Guduunfuma Faayiduma 6 / 200 afor 6. Gaaffii ’Caalaan yoom dhufa?’ jedhuuf deebii ta’uu kan hindandeenye isa kami? Kaleessa Boru Iftaan Torban dhufu 7 / 200 afor 7. Uummanni keenya jabaatee yoo hojjetee yeroo dhihootti hiyyummaarratti injifannoo argata. Hiikni jecha jala muramee isa kami? Muuxannoo Argannoo Moo’iinsa Kabajiinsa 8 / 200 afor 8. Himoota armaan gadii keessatti jechi ’tume’ jedhu hiika ’reebe’ jedhu kan argamsiisu isa kam keessatti? Roobni garmalee tume Roobaan mirgoo tume Roorrisaan diina isaa tume Rabbirraan garbuu tume 9 / 200 afor 9. Jechoota armaan gaditti dhihaatan keessaa kan irra butaa ofkeessaa qabu isa kami? Bilisummaa Bardheengaddaa Sagaagalummaa Mootummaa 10 / 200 afor 10. ’Biiroo Barnoota Oromiyaa’ kan jedhuuf gabaajee sirriin isa kami? BBBM BBM BBO OBB 11 / 200 afor 11. Jechoota armaan gadii keessaa kan sagalee dheeradhaan hinbarreeffamin isa kami? Gaalee Maatii Gara Gaalaa 12 / 200 afor 12. Rifeensa sirreeffachuu yoo jenne ilkaan_____________ jenna. Tumachuu Rigachuu Miiccacuu Kolfachuu 13 / 200 afor 13. Okkotee shuummoo nidhiqu yoo jenne elemtuu aannanii_____________jenna. Niraasu Niqoraasu Nidhimbiibu Ni’elmu 14 / 200 afor 14. Nama dheeraa jedhee nama gabaabaa yoo jedhe nama fokkuu jedhee nama____________ jedha. eebbifamaa Dheeraa Bareeda Cubbamaa 15 / 200 afor 15. Jechoota armaan gadii keessaa maxxantuu boodaa {-ota} maxxanfachuudhaan heddummina kan hinargamsiifne isa kami? Mana Yaada Baala Gaara 16 / 200 afor 16. Mata-duree barreeffamaa erga filannee booda qabiyyeesaa murteessuuf kan irra caalaa ka’umsa nuuf ta’u danda’u isa kami? Kaayyoo barreeffamaa Eenyummaa dubbistootaa fi dandeettii barreessaa Kaayyoo barreeffamaa fi eenyummaa dubbistootaa Gosa barreeffama filatamee. 17 / 200 afor 16. Mata-duree barreeffamaa erga filannee booda qabiyyeesaa murteessuuf kan irra caalaa ka’umsa nuuf ta’u danda’u isa kami? Kaayyoo barreeffamaa Eenyummaa dubbistootaa fi dandeettii barreessaa Kaayyoo barreeffamaa fi eenyummaa dubbistootaa Gosa barreeffama filatamee. 18 / 200 afor 17. Barataan yeroo mara yaadannoo dabtararratti barreeffate yemmuu qo’atu qalama halluu adda addaatiin qabxiilee xiyyeeffannoo kennuufii barbaade jala sararu tarsiimoolee barachuu armaan gadii keessaa kamiin fayyadama jechuudha? Gur-ulee Hoj-ulee Ij-ulee Haasolee 19 / 200 afor 18. Tartiiba buna danfisuuf hordofamuu qabu ibsuuf keeyyanni barreeffamu maal jedhama? Ibsaa Addeessaa Mormii Seenessaa 20 / 200 afor 19. Kanneen armaan gadii keessaa barsiisaa Afaan Oromoo ga’umsa qabu ta’uuf kamtu barbaachisaadha? Beekumsa Seer-luga Afaan Oromoo fi yaad-hiddama baruu fi barsiisuu Dandeettii malawwan baruu fi barsiisuu mijaawoo filachuu fi fayyadamuu Ilaalcha ogummaa barsiisuutiif qabu Martinuu murteessoodha. 21 / 200 afor 20. Jechoonni Afaan Oromoo “Kibxata, Facaasaa, Bal’oo” looga bakka adda addaatti dubbataman yoo ta’an hiika walfakkaatuu qabu. Garaagarummaan loogaa kun maal jedhama? Looga sabummaa Looga hawaasummaa looga naannoo looga idilee 22 / 200 afor 21. Dubbisa keessaa jechoota haaraa jiran mara hiikasaanii galmee jechootaa keessa ilaaluuf yaaliin godhamu dubbisuurratti dhiibbaa maalii qaba? Ergaa dubbisaa haala quubsaadhaan hubachuuf gargaara. Odeeffannoo dubbisaa saffisaan fudhachuuf ni fayyada Saffisa dubbisaatti gufuu ta’a; odeeffannoo quubsaa argachuuf ni fayyada. Saffisaa fi hubannoo dubbisuutti gufuu ta’a. 23 / 200 afor 22. Nama raadiyoo keessaa haasa’u tokko erga dhaggeeffannee booda waa’ee dubbataa kamiin tilmaamuutu danda’ama? Ogummaasaa sadarkaa beekumsasaa bakka dhalootaa fi guddinasaa hundaa tilmaamuun ni danda’ama 24 / 200 afor 23. Dhufanii deeman. Matimni dhoksaa hima kanaa: Nuyi Isin Isaan Isheen 25 / 200 afor 24. Barataan tokko barattoota hedduu qorumsa dabranii maqaansaanii gabatee beeksisaarratti maxxansame keessa maqaansaa jiraachuu mirkaneeffachuuf dubbisa yoo ta’e tarsiimoo dubbisuu isa kamiin fayyadama? Sakatta’aan dubbisuu Saffisaan dubbisuu Qayyabannoon dubbisuu Qalbifannoon dubbisuu 26 / 200 afor 25. Qunnamtii fuulaan namoota lama gidduutti geggeeffamu keessatti ga’een dubbataa fi dhaggeeffataa maali? Ga’een dhaggeeffataa dhaggeeffachuudha; kan dubbataammoo dubbachuudha. Dubbataa fi dhaggeeffataan ga’eesaanii wal jijjiiruu danda’u. Dubbataa fi dhaggeeffataan ga’eesaanii wal jijjiiruu hindanda’anu Dhaggeeffataan hanga dubbataan xumurutti dhaggeeffachuu hin danda’u. 27 / 200 afor 26. Barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 8ffaa barsiisan kanneen armaan gadii keessaa kamirratti barattootasaanii gargaaruu qabu? Qubeewwan jechoota dubbisa keessa jiranii sirriitti sagaleessuuf barattoonni xiyyeeffannoo olaanaa akka kennan gorsuuf Yaada barreeffamaa hubachuuf xiyyeeffannoo guddaa akka kennan Qubeewwan jechootaa sirriitti sagaleessuu fi hiika barreeffamaa hubachuuf xiyyeeffannoo walqixa akka kennan Qubeewwan sirriitti sagaleessuuf xiyyeeffannoo ol aanaa kennuudhaan hiika itti kennuuf xiyyeeffannoo gad-aanaa akka kennan gargaaruu 28 / 200 afor 27. Tolaan saree ajjeesse. Hima kana keessatti antimni kallattii: olaa aree Ajjeese Hunda 29 / 200 afor 28. Kaayyoo gooroon dubbisuu barachuu inni bu’uuraa maali? Jechoota sirriitti sagaleessuu danda’uudha. Ergaa barreeffamaa hubachuu danda’uudha Saffisaan dubbisuu danda’uudha. Qubeewwan afaanii beekuudha 30 / 200 afor 29. Soorettiin boosettii waan taateef, yeroo hunda fuula ishee hin dhiqattu. Kan jala sararame: Ciroo hirkataa Cirooofdanda’a Hima Jecha 31 / 200 afor 30. Waan sooressa taheef, nyaata gahaa hinargatu. Namaan waldhaba. garmalee dheebota. Fedhii isaa hunda guuttata. 32 / 200 afor 31. Kanneen asii gadii keessaa hubannoo sagalee dubbiifi qubee kamtuu agarsiisa? Sagaleewwan adda baasuu Hubannoo katabbii Sagaleewwan dhaga’uu Sagaleewwan walitti makuu 33 / 200 afor 32. Hubannoo dubbisa daree keessaa milkaa’aa taasisuuf, sadarkaan dubbisuu raawwatamuu qabu: Dubbisa dura Yeroo dubbisuu Hunduu sirriidha Dubbisa booda 34 / 200 afor 33. Jecha”goromsa” jedhu birsagaan yeroo qoodamu:A. gor + om + sa C. go + rom + saB. goro + msa D. goromsa gor + om + sa goro + msa go + rom + sa goromsa 35 / 200 afor 34. Harreen alaake yoo jenne fardi ________________ jenna. Himimse Mar’ate Ililche Bookkise 36 / 200 afor 35. Namaaf guntuta yoo jenne sa’aaf_______________ jenna. Waatii Jabbii Harma Maala 37 / 200 afor 36. Ganamaaf bariite yoo jenne galgalaaf _____________jenna. Dhiite Baate dukkanoofte ifte 38 / 200 afor 37. Tapha hiibboo keessatti inni deebii kennuu dadhabe maal adabama? Gaaffii dabalataa gaafatama taasisama Biyya akka laatu taasisama Kophaasaa akka taa’u godhama Tapha sanaan ala 39 / 200 afor 38. Barreessaan walaloo walaleessaa yoo jedhamu barreessaan asoosamaa maal jedhama? Asoosaa Weeddisaa Shubbisaa Sirbisiisaa 40 / 200 afor 39. Mucaan teenya afaan hiikkatte. Hiikni jecha jala muramee: Barte Gatte Dabde Jibbite 41 / 200 afor 40. Dhaggeeffatoonni cimoon waan dhaggeeffatan tokko sirriitti hubachuuf, sagaleewwan dhaga’an walitti fiduudhaan jechoota ijaaraa, qindeessuudhaan hima uumuu danda’uun isaanii maal jedhama? Tarsiimoo saffisaa Tarsiimoo irraa-gadii Tarsiimoo sakatta’aa Tarsiimoo jalaa-olii 42 / 200 afor 41. Dachaasaan barattoonni isaa, daree barnoota isaaniitti, dandeettii dhaggeeffachuu akka gabbifataniif qabiyyee dhaggeeffannaaf qophaa’e yommuu inni dubbisuuf, barattoonni immoo dhaggeeffachaa deebii deebisuuf yaalu. Adeemsi akkanaa kun sadarkaa dhaggeeffannaa kam keessatti ramadamu? Dhaggeeffachuu duraa Dhaggeeffachuun booda Yeroo dhaggeeffachuu Kakaasuu jalqabaa 43 / 200 afor 42. Haala ifa ta’een yommuu kaa’amu, faayidaaleen gochaalee dhaggeeffachuun duraa isa kam ta’uu danda’a? Fedhii barattootaa kakaasuu Meeshaalee ga’aa dhiyeessuu Yeroo ga’aa kennuu Ga’umsa barattootaa daree 44 / 200 afor 43. Dandeettiiwwan afaanii armaan gadii keessaa yeroo dheeraaf, uummata Oromoo birratti xiyyeeffannoo guddaa argachaa kan ture kami? Barreessuu Dubbachuu Dubbisuu Seer-luga 45 / 200 afor 44. Sagaleen dubbii hidhilkee kan uumamu hidhiin gadaanuufi ilkaan olaanu yemmuu waltuqan ta’a. Sagaleewwaan kanneen agarsiisi. /f/, fi /v/ dha. /z/ fi /s/ dha /t/ fi /d/ dha /n/ fi /m/ dha 46 / 200 afor 45. Sagaleewwaan hundeen arrabaa kokkeetti dhiyaachuudhaan uumamu kami? /g/ fi /q/ / ‘/ fi /h/ dha /r/ fi /l/ / w/ fi /y/ 47 / 200 afor 46. Ol ka’iinsa fi gad bu’iinsa sagalee dubbiirratti kan ida’amu _____________ jedhama. dhamsaga Saaguu xiinsaga irsaga 48 / 200 afor 47. Yaada waliigalaa dubbisa tokkoo argachuu yoo barbaade, tarsiimoo dubbisaa kamtuu si fayyada? Saffisaan dubbisuu Callisaan dubbisuu Sakatta’uun dubbisuu Hunduu sirriidha 49 / 200 afor 48. Ariitii dubbisaan tokko sagalee olfuudhee dubbisu maal jedhama? Saffisa Ga’umsa Ibsa waliinii Sirrumaa 50 / 200 afor 49. Battalaan jecha ilaalanii sirnaan hubachuun qajeelchanii waamuu danda’uun __________jedhama. Saffisa Ga’umsa Sirrummaa Ibsa waliinii 51 / 200 afor 50. Qabiyyeen mammaaksa,” Yoo humna qabaatan sagaliin lolan, yoo humna dhaban sagalee tolan,” jedhu kun: Dhugaa mul’isa Hiriyyummaa Wallaalummaa Tooftaa agarsiisa 52 / 200 afor 51. Qabiyyeen mammaaksaa,” Raammoon foonii fooni,” jedhu kun isa kami? Hiriyyummaa Firooma Diinummaa Hammeenya 53 / 200 afor 52. Hawwiin barsiistuu Afaan Oromoo kutaa 7ffaa ti. Asoosama “Gurraacha Abbayyaa” jedhu keessaa keeyyata 3 qunxuruun barattoota ishee bashannansiisaa fi gammachisaa, barattoota fedhii hin qabnes kakaasaa ga’umsaan dubbisuufi hubannoo isaanii akka foyyeeffatan gargaarti. Kunis maal jedhamuun beekama? Tiyaatira dubbisaa Dubbisa hiriyaa Dubbisa gamtaa Dubbisa garee xiqqaa 54 / 200 afor 53. Tolashiin barsiistuu Afaan Oromoo, kutaa 4ffaa ti. Yeroo tokkoo tokko karoora barannooti sirnaan gargaaramuun dandeettii barattoonni ishee dhamjechootarratti qaban safaruuf itti karoorfattee madaalti. Kanaafuu, akaakuun madaalli ishee kun maal jedhama? Madaallii idilee Madaallii al-idilee Madaallii calallii Madaallii hiriyaa 55 / 200 afor 54. Sirna tuqaalee keessaa yaada shakkii qabu tokko agarsiisuuf kan nu gargaaru ________ dha. Mallattoo waraabbii dachaa Qoodduu jabaa Tuqaa Mallattoo gaaffii 56 / 200 afor 55. Qajeelfamaa fi odeeffannoo dabarsuuf, akaakuun keeyyata barreeffamuu isa kami? Keeyyata Mormii Keeyyata Seenessaa Keeyyata Ibsaa Keeyyata Addeessaa 57 / 200 afor 56. Tartiiba ijaarsa keeyyataa kan ta’e kami? Tartiiba gochaa C Tartiiba guddinaa ykn baay’inaa Tartiiba bakkaa Hunduu deebiidha 58 / 200 afor 57. Kan kanaa gadii keessaa tokko tajaajila hima raajeffannoo miti. Kam ta’uu danda’a? Akeekkachiisuu Dinqisiisuu Ajaa’ibsiisuu Hunduu deebii ta’u 59 / 200 afor 58. Keeyyata tokko barreessuu eegaluun dura gumee qopheeffachuun murteessaadha. Barbaachisummaa kanaa qabxiin hin ibsine kami? Irra deddeebii yaadaa dhabamsiisuuf Duraa duuba yaadaa eeguuf Yaadni akka hin irraanfatamneef Maxxansuu 60 / 200 afor 59. Himoota kanaa gadii keessaa kamtu adda? Booyyeen lubbu qabeeyyiidha. Tulluun booyyee ajjeese. Tulluun booyyeedha. Booyyeen marga soorata. 61 / 200 afor 60. Lakkoofsi mathima himootaa keeyyata tokko keessatti argamuu hundi yoo wal walfakkaatan, keeyyanni sun ___________ qaba jedhama. Xiyyeeffannaa Walta’umsa Tokkummaa Walqabannaa 62 / 200 afor 61. Akaakuu keeyyata kanaa gadii keessaa irra caalaa jechoota dubbistootatti dhaga’aman kan gargaaramee qaammiira namaa fannisu isakami? Keeyyata seenessaa Keeyyata amansiisaa Keeyyata ibsaa Keeyyata Addeessa 63 / 200 afor 62. Jecha”birsaga” sadii hin qabne kanneen kanaa gadii keessaa adda baasi: balbala ganama dadhabsiisuu firummaa 64 / 200 afor 63. Sadarkaa barattoonni waa’ee waan dubbisanii sana namoota biroo waliin mari’ataniifi waan hubatanis jecha ofiin ibsan maal jedhama? Dubbisuun dura Yeroo dubbisuu Dubbisuun booda Hiika jechaa barsiisuu 65 / 200 afor 64. Barataan tokko sirriitti odeeffannoo darbu dandeettii dhageeffachuun fudhachuudhaaf maal fooyyeffachuu qaba? Beekumsa jechootaa dagaagfachuu Caasaa himootaa Fayyadamiinsa dubbii afaanii hubachuu Hunduu deebii ta’u 66 / 200 afor 65. Jechoota,’muka’,’lafa’,’laafaa’,’ karaa’ jedhan birsagatti yeroo qoqqoodaman kanneen armaan gadii keessaa sirriitti kan barraa’e isa kami ? m + uka laaf + aa laf + a Ka + raa 67 / 200 afor 66. Kanneen kanaa gadii keessaa kamtuu adda Ykn Kamtu Sirrii mitii? Ka’ii dhaabadhu! Hojii deemi! Akkam nama kabajaa! Bishaan waraabi! 68 / 200 afor 67. Sagaleewwan dubbii Afaan Oromoo bakka gurguddoo____________qoodama. Afur Sadii lama Shan 69 / 200 afor 68. Birsagni walitti qindaa’uudhaan _________uuma. sagalee jecha hima hunda 70 / 200 afor 69. Jechoota kanaa gadii keessaa kan birsaga tokko qofaa qabu kami? yoom shan maal hunduu deebii ni ta’a 71 / 200 afor 70. Qindaa’ina jechootaa “Dhalli namaa waa sadii jibba deega du’aafi dulluma” jedhu kana hima guutuu taasisuuf sirna tuqaalee kanaa gadii keessaa mallattoon hin barbaachisne kami? Qoodduu jabaa (;) Qoodduu (,) Tuq-lamee (:) Tuqaa (.) 72 / 200 afor 71. Caacculee barreeffama seenessaa kan hin ta’iin adda baasi. Jaargocha Qooddattoota Yoomessa Hima ijoo 73 / 200 afor 72. Magartuun barachuu fi sooromuu keessaa kan dursu barachuu akka ta’e ejjennoo qabachuun yaada faallaa kanaa Boonsaan qabate dhiisistee gara yaada isheetti deebisuuf akaakuu_______ti fayyadamuu qabdi. barreeffama seenessa barreeffama amansiisaa barreeffama ibsaa barreeffa addeessaa 74 / 200 afor 73. Kanneen kanaa gadii keessaa tokko og-barruu jedhamuuf ulaagaalee barreeffamichi guutuu hin qabne adda baasi. Hojii kalaqaa ta’uu Yoomessa dhugaa qabachuu fayyadamuu Jechoota muraasatti Miidhagina qabaachuu 75 / 200 afor 74. Kanneen kanaa gadii keessaa tokko ogbaruu barreeffamaa miti. Kami ta’uu danda’a? Hiibboo Dooyii Asoosama gabaabaa Asoosama dheeraa 76 / 200 afor 75. Qaamolee birsaga keessa kan hafuu hin dandeenye kami? Utubaa Ka’umsa Cufaa Giddugaleessa 77 / 200 afor 76. Deebiin hiibboo, “Ayyoon gabaabduudhaa; yoo teessu, lafaa hin kaatu; yoo dhaantu, namaa hin naatu,” jedhu kanaa isa kami? Qawwee Dhakaa daakuu Haamtuu Gufuu 78 / 200 afor 77. Sheekkoon seenessaan haala kamiin seeneffamuu danda’a? Asoosamaatiin Hololootiin Walalootiin Hunduu sirriidha 79 / 200 afor 78. Uumama wantoota adda addaa ilaalchisee gaaffilee daa’imman gaafataniif irra caalaatti deebii kenna jedhamee kan yaadamu kanneen kanaa gadii keessaa kami? Sheekkoo seenessaa Sheekkoo ibsaa Sheekkoo dur durii Sheekkoo bineensotaa 80 / 200 afor 79. ” Titiisni baay’atteef qodaa hin buqqifattu,” mammaaksi jedhu kun maal agarsiisa? Dhugaa Gowwummaa Tuffii Firooma 81 / 200 afor 80. Dubbiin qolaa,” Of eegaa sirbi!” jette hantuunni jedhu kun maal jalatti ramadama? Akkasaa Nameessuu Bakka buusaa Arbeessuu 82 / 200 afor 81. Asii gaditti kanneen barreeffaman keessaa, akaakuu iyyannoo xalayaa hojii kan ta’e qofa adda baasi. Xalayaa jaalalaa Xalayaa odeeffannoo ittiin gaafannu Xalayaa affeerraa Xalayaa eebbaa 83 / 200 afor 82. Xalayaan hojiifi xalayaan dhuunfaa jechoota itti gargaaraman irratti illee addaa addummaa qabaachuu danda’u. Kanaafuu, keessumaayyuu xalayaan hojii jechoota ________ti dhimma ba’a. idilee Safuu al-idilee Qaanii 84 / 200 afor 83. Amala afoolaa kan hin ta’iin adda baasi: Uummatummaa Hurruubummaa Lufummaa Deebiin hin kennamne 85 / 200 afor 84. Akaakuuwwan afoolaa keessaa jecha qofaan dhalootaa dhalootaatti kan darbu kami? Mammaaksa Sirba Geerarsa “B” fi “C” sirriidha 86 / 200 afor 85. Mammaaksi,”Bishaan yaa’utu, bishaan ciisu kaasa,” jedhu kun maal nu barsiisuu danda’a? Kaayyoo dhabuu Gowwummaa balaaleffata Hammeenya balleessuuf Barbaachisummaa hoogganaa 87 / 200 afor 86. Tolaan asoosama “Godaannisa” jedhu beekumsa waliigalaa argachuuf dhuunfaan yeroo bilisa ta’uun dubbisaa tureetti, gammachuu guddaa argatee jira. Kanaafuu, tarsiimoo inni ittiin dubbise kam ta’uu danda’a? Saffisaan dubbisuu Bal’inaa dubbisuu Sakatta’uun dubbisuu Hunduu sirriidha 88 / 200 afor 87. Mammaaksa ni mammaaku yoo jedhe durdurii__________________ jedha. Ni himu Ni durduru Ni tarreessu Ni gabaasu 89 / 200 afor 88. Manni gamaa sun kan Waaqumaati. Inni gamanaa sun _____________ kan kooti. fii yookin moo immoo 90 / 200 afor 89. Caacculee diraamaa kan hinta’in isa kami? Taatota Gammachiisaa Yoomessa Ergaa 91 / 200 afor 90. Osoo beeknuu huuba wajjin jette________________. Mammaaksa kana kan guutuu taasisu: Sareen Harreen Hoolaan Gaangeen 92 / 200 afor 91. Haati nama ilaalti ilmoon nama nyaatti. Deebiin hiibboo kanaa: Shiniifi jabanaa Qawweefi rasaasa Sa’aafi waatii Handaaqq oofi cuucii 93 / 200 afor 92. Qotiyyoon keenya karaa deemee hin deebi’u. Deebiin hiibboo kanaa: Bishaan Lagaa Farsoodha Aannani Gaara 94 / 200 afor 94. ______________mammaakan waa himani. Mammaaksa kana guutuu kan taasisu isa kami? Fiigan fudhatani Uka jalaa baasani Jaarsa dhaggeeffatni Aak jedhan waa tufan 95 / 200 afor 95. Godoo gamaa balbalti lama. Deebiin hiibboo tanaa tami? Funyaan Ija Gurra Afaan 96 / 200 afor 96. Tapha ijoollee ilaalchisee soba kan ta’e isa kami? Tapha ijoollee keessatti ijoolleetu hirmaata Taphni ijoollee ijoollee taphachiisuu malee ergaa hinqabu Tapha ijoollee keessatti manguddoonnis qooda fudhatu Taphni ijoollee sammuu ijoollee cimsuuf fayyada 97 / 200 afor 97. Tolaan farda gurraacha yaabbatee gulufaa dhufe. Hima kana keessatti maqibsiin isa kami? Tolaa Farda Gurraach Dhufe 98 / 200 afor 98. Deeme jedhee deebi’e yoo jedhe soorome jedhee______________ jedha. Argate Hiyyoome Duroom Fayye 99 / 200 afor 99. Nama jedhee namoota yoo jedhe ija jedhee______________ jedha. Ijoota Ija Ijjennoo Ijawwan 100 / 200 afor 100. Gurraaf guurii jennee ijaaf _________________ jenna. Ija Kuulii Cimmaa Agartuu 101 / 200 afor 101. Mammaaksota asiin gaditti dhihaatan keessaa kan obsa barsiisu kami? Beekta beekta jennaan qeesiin macaafa dhiqxe. Biyyaa abbaa kootii jedhe injiraan moluu koree. Baddu baddi malee saree ija hindhiqan. Amma barri darbutti mataa gadi qabanna jedhe namichi 102 / 200 afor 102. Namoonni lama waliin haaasawaa turanii yemmuu gargar ba’an maal waliin jedhu? Akkam olte Ulfaadhaa Badi asii! Nagaatti 103 / 200 afor 103. Keessummaa alaa balbala qosoqqosaa jiruu fira isaa ta’uu qaawwaan yoo arge abbaan manaa maal jedhaan? Eenyu ati? Oluma seenaa Of eeggadhu Achumatti dhaabbadhu 104 / 200 afor 104. Ati bara dhufu kutaa 8ffaa ? barsiistaa barsiistee barsiistuu Barsiistan 105 / 200 afor 105. Akkuma dhufeen, natti gore. Hima of danda’aa adda baasi: Akkuma dhufeen Dhufe Natti gore Gore 106 / 200 afor 106. Caalchisaan jaalalaa baay’ee qorachuu beeka; kanaafuu, namni weedduu barbaade isa gaafachuu danda’a. gorora kaarruu weedduu booqaa 107 / 200 afor 107. Intalli kun ilkaan ishaa _ dha. booqaa kaarruu akaaluu abasuudni 108 / 200 afor 108. Saani jabbii ___ adda dhalte. sakaalaa kaarruu gororaa booqaa 109 / 200 afor 109. Dibaabaan walaloo gaabbii jedhu dubbiseera. Hima kana barreeffama sirrii taasisuufkamtuu qajeeluu qaba? ‘A.‘gaabbii’ C.“gaabbii”B.‘Gaabbii’ D.“Gaabbii” ‘gaabbii’ ‘Gaabbii’ “gaabbii” “Gaabbii” 110 / 200 afor 110. Geerarsa,”Harmee luucaa daggalaa/ Akka muujjaa balbalaa Harmee koo harma dachaa/ Si dhalee na badachaa.” jedhu keessaa jechoota ykngaaleewwan akka bakka buusaati tajaajilan adda baasi. Harmee luucaa daggalaa, Akka muujjaa balbalaa, Harmee koo harma dachaa, Si dhalee na badachaa, 111 / 200 afor 111. Hima, “Bifti isaa cuqulisa fakkaata,” jedhu dubbii qoolaa kam jalatti ramadama? Bakka buusa, Nameessa Akkasaa Arbeessuu 112 / 200 afor 112. Kanneen kanaa gadii keessaa yaadni odeeffannoo sirrii hin qabne kami? Mammaaksi af-hololoon dhiyaata. Geerarsi af-walaloon dhiyaata. Hiibboon af-walaloon dhiyaata. Taphanni ijoollee af-walaloon dhiyaata 113 / 200 afor 113. Mammaaksi,”Jiruu deegaa jiruu seetaa? /Raafuu fixee rafuu didee.” jedhuu kun qabiyyeen buusichaa maal agarsiisa? Waldiddaa Jette jedhanii. Sababaafi bu’aa Buusaa Qixxeessaa 114 / 200 afor 114. Kanneen kanaa gadii keessaa kan adda ta’e filadhu. Walqixxummaa Yeedaloo Filannoo jechootaa Jaargocha 115 / 200 afor 115. Asoosama tokko malleen milkeessuu danda’an kami? Yoomeessa Ergaa Waliin dubbii Walitti bu’iinsa 116 / 200 afor 116. Bifaafi haala uffannaa argaa sammuutiin akka xinxalu kan nu taasisu kami? Raaga Addeessa Duubdeebisa Waliin dubbii 117 / 200 afor 117. Faayidaa waan fuulduratti ta’u dursee kan agarsiisu: Ija Waliin dubbii Raaga Ergaa 118 / 200 afor 118. Jechoota armaan gadii keessaa olka’insaafi gadi bu’insaa sagalee (toonii)tiin hiika adda addaa kennuukan danda’u kami? Maqaa seenaa qarree hunduu deebiidha 119 / 200 afor 119. konkolaataa hambisuuf of eeggannoon konkolaaachisuun barbaachisaadha. Ballaa Baala Balaa baallaa 120 / 200 afor 120. Aduun waan baheef lafti __ _ _ _ _ _ _ _ _ . qoore qore qoree qorree 121 / 200 afor 121. ____________akka marqaa jabaataa akka dhagaa. Jechi bakka duwwaa kana galuu qabu kami? Laafa Laafaa Lafa Lafaa 122 / 200 afor 122. Himni tokko hima ____ fi ________qabaachuun dirqama matimaaf xumura matimaaf ibsamaqaa maqibsiifi xumura xumibsiifi xumura 123 / 200 afor 123. Hima Caalaan obboleettisaatiif kophee bite jedhu keessatti jechi jala sararame : Gulummoodha Irraawwatama sirriidha Irraawwatama dalgeedha Durduubeedha 124 / 200 afor 124. Himoota armaan gadii keessatti jeche ‘dhahe’ jedhu hiika ‘kufe’ jedhu kan qabaatu jecha kam keessatti Obsaan xaafii dhahe Obsaan uccuu dhahe Obsann nama dhahe Obsaan lafa dhahe 125 / 200 afor 125. Jechi nyaate jedhuu hiika na shakkisiise jedhu kan kennu hima kamiin keessatti? Caalaan laaqana nyaate Lagni Gibee namoota shan nyaate Dubbiin namicha silaa garaa na nyaate. Leenci sangoota lama nyaate 126 / 200 afor 126. Jecha ‘doofummaa’ jedhuuf hiika faallaa kan ta’e kami? haxxummaa abshaalummaa qaroomina walaalummaa 127 / 200 afor 127. “Hidda malee xannachi hindhiigu”. Hiikti mammaaksa kanaa: Qomoo ofii malee ormi namaafhingaddu yoo hidda muran malee xannachi dhiiguu hindanda’u hidda malee xannachi dhiiga hingabu AkkaOrmaatti firri wal hinjibbu 128 / 200 afor 128. “Walmalee hinqabnu, garaa walhinqabnu,” jette urunguun. Gaaleen jala sararame hiikti isaa maal jechuudha? Ulfa miti wal hinjaallannu Walhinbeeknu walsodaanna 129 / 200 afor 129. Afaan Oromoo keessatti sagalee dubbifamaan bakka kamitti jabaachuu hindanda’u? jalqaba jechaatti walakkaa jechaatti xumura jechaatti jalqabaa fi xumura jechaatti 130 / 200 afor 130. Jechoota armaan gadii keessaa tokko sagaleewwan dheeraa leexaadhaan ijaarame. lafee sardiida laga laagaa 131 / 200 afor 131. Tartiiba gochaalee ittoo shiroo qopheessuuf hordofamuu qaban qaamaan argamanii nomootaaf ibsuu caalaa barreeffamaan dubbistootaaf ibsuun maaliif ofeeggannoo guddaa barbaada? Barreeffamni yoo ifa hin taaneef dogoggorri tartiiba hojii uumuu waan danda’anuuf Tartiiba hordofuu qaban yoo gogoggoran ittoon qophaa’u minyaa’aa ta’uu waan hin dandeenyeef Bakka tartiibni hordofuu qaban ifa hin taaneefitti barreessaa gaafachuuf carraa waan hin qabaanneef Afi Cndeebiidha. 132 / 200 afor 132. Barattoonni og-barruuwwan adda addaa seenessuudhaan shaakalan dandeettiisaanii akka fooyyeeffatan barsiisaan akkamitti gargaaruu danda’a? Callisee shaakalsiisuun Seenessee itti agarsiisuun Barattoota sirriitti seenessuu hin dandeenye akka hin seenessine dhorkuun Seenessuu shaakaluun barbaachisaa ta’uu itti himuun hubachiisuun 133 / 200 afor 133. Dhukkuba HIV/eedsii ilaalchisee qonnaan bultootaaf barreeffamaan barnoota kennuu namni bardaadu tokko qabxiiwwan ijoo armaan gadii keessaa kamirratti xiyyeeffachuutu barbaachisaa miti? HIV/eedsiin namarraa namatti akkamitti akka daddarbu Mallattoolee dhukkuba HIV/eedsii Malawwan dhukkuba HIV/eedsii ofirraa ittisuuf gargaaran Seenaa dhukkuba HIV/eedsii 134 / 200 afor 134. Dandeettii barreessuu ilaalchisee kanneen armaan gadii keessaa kamtu sirriidha? Yeroo murtaawaa keessatti fooyya’uu danda’a Barreessuun shaakaluun hin baratamu Dandeettiiwwan biroo waliin walqabsiisanii barsiisuun hin danda’amu Adeemsa waan ta’eef yeroo yeroon fooyya’aa deema 135 / 200 afor 135. Barataan Afaan Oromootiin afaan hiikkate maaliif “poolisii” jechuuf sagalee /P/ sagalee /f/tti jijjiiree “foolisii” jedha? Sagalee /p/ sagaleessuun ulfaataa waan ta’eef Sagaleen /p/ Afaan Oromoo keessa waan hin jirree fi sagalee ergisaa waan ta’eef /p/ sagaleessuu kan danda’an namoota kennaa qaban waan ta’eef /p/ sagaleessuun qaama dubbii adda ta’e waan barbaaduu fi daa’imman Oromoo qaama dubbi kana waan hin qabneef 136 / 200 afor 136. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu yoo barreeffamu qubee guddaan eegaluu hin qabu? maqaa nama maqaa laggeenii maqaa manneen barnootaa Maqaa Gamtaa 137 / 200 afor 137. Hima “Ni ta’a jennaan harree qalle; hinta’u jennaan harree ganne” jedhu keessatti jechoonni jala sararaman hiika maalii qabu? Maqaa beeyilada kotte-duudaa/ haxoofnee haxoofnee/ maqaa beeyilada Haxoofnee/ qulqulleessinee guurree/ baannee 138 / 200 afor 138. Gosoota hog-barruu armaan gadii keessaa kan umurii dheeraa qabu isa kami? Asoosama dheeraa Sheekoo Asoosama gabaabaa Seenaa 139 / 200 afor 139. Adeemsota waliigaltee hunda keessaa kaayyoon dhaggeeffachuu kan hin taane kami? Odeeffannoo kennuu Jechoota dubbataatti hiika kennuu Odeeffannoo fudhachuu Hubannoo argachuu 140 / 200 afor 140. Nama madaa’e tokkoon ”Madaa saree siif yaa ta’u” yoo jedhaniin: Eebbisuudha Abaarudha Arrabsuudha Tuffachuudha 141 / 200 afor 141. Tooftaalee ga’umsaan dubbisuu fooyyessuuf gargaaran keessaa, irra caalaa barattoota dubbisuu sodaataniitti ija jabina hora jedhamee kan yaadamu kami? Hiriyaa waliin dubbisuu gurmuun dubbisuu Akkeessuun dubbisuu deebiin hinkennamne 142 / 200 afor 142. Akaakuuwwan madaallii keessaa, barattoonni maaltu akka isaanirraa eegamu akka beekaniifi barsiisonni ittifufiinsaan bu’aa qabxii isaanii akka galmeessaniif gargaara; akkasumas, dhugummaafi amansiisummaa qabxeessuutiifis kan gumaachu kun maal jedhama? Portifooliyoo Ruubiriikii Yaadannoo galmee Daawwannaa 143 / 200 afor 143. Gammadaan barsiisaa mana barnootaa sadarkaa 1ffaa ti; bu’uuruma kanaan, barachuu barattoota isaa bu’a qabeessa taasiisuuf, haala marsaa walirraa hincinneen ruqoolee kamitti gargaaramuu qaba? Malleen barsiisuu Sirna barnootaa Tooftaalee madaallii Hunduu deebii ta’u 144 / 200 afor 144. Barattoonni dirqama amala si’aawuufi of danda’anii hojjachuu horachuun muuxannoo isaanii osoo wal hin jijjiiriin haala qabatamaafi dhugaa ta’een madaalamuun isaanii akaakuu madaallii kamii agarsiisa? Madaallii hiriyyaa Madaallii bu’aa Of madaallii Madaalli al-idilee 145 / 200 afor 145. Xiinsammuu gorsaa barachuu keessatti barsiisaan/tuun gorsaa/ituu yoo ta’u/taatu, barataan/tuun immoo maamila ta’uu kan agarsiisu mala____________________jedhama. Hawaasummaa afaan barachuu Dhaggeeffatanii dubbachuu Mala kallattii Mala jijjiirraa seerlugaa 146 / 200 afor 146. Karoorri baruu-barsiisuu eenyuun fayyada jettee yaadda? Barsiisaa/tuu Bulchiinsa barnootaa Barattoota Hunduu deebii ta’u 147 / 200 afor 147. Tarsiimolee haasaa keessatti dhiyeessa dubbii afaanii dagaagsuuf sadarkaan gargaaru maal jedhama? Seensa Xumura Qaama Hunduu deebiidha 148 / 200 afor 148. Malli baruu barsiisuu fedhii barattootaa guutuuf hangam bu’a qabeessa akka ta’e wantoonni murteessan kanneen kanaa gadii keessaa kami? Xiyyeeffannoo barnootaa Bal’ina garee Haala qophii barannoo Hunduu deebii ta’u 149 / 200 afor 149. Malli dubbisuufi barreessuutti xiyyeeffannoo guddaa kennee, dubbachuufi dhaggeeffachuutti immoo xiyyeeffannoo xiqqeessu maali jedhamuun beekama? Mala kallattii Mala dubbii qaamaa waliigalaa Mala jijjiirraa seerlugaa Mala saajeestooppoodiya 150 / 200 afor 150. Barsiisaan/tuun Afaan Oromoo tokko jijjiirama ilaalcha barattoota isaa/ishee, barannoo kennamuun booda, dandeettiiwwan ogummaafi beekumsaa argachuu danda’aniirratti kaayyoleen barannichaa maali hammachuu qaba? Murna yaad-sammuu Murna qaam-sammuu Murna ilaalchaa Hunduu deebii ta’u 151 / 200 afor 151. Murtee gocha baruu-barsiisuu keessaa, kamtuu dursuu qaba? Barattoota madaaluu Barattoota barsiisuu Barannoo karoorsuu Hojii daree kennuu 152 / 200 afor 152. Murni jijjiirama qaam-sammuu salphaarraa gara cimaatti kan dagaaguu danda’uudha; kanaafuu, sadarkaan inni salphaan kam ta’u mala? Akkeessuu Sirreeffachuu Sosochoosuu Qindeessuu 153 / 200 afor 153. Barsiisaan afaanii dubbisa barattootasaaf filuuf dursee maal gochuu qaba? Qulqullinasaa madaaluu Sadarkaa dandeettii barattootasaaf mijaawaa ta’uu madaaluu Fedhii barattootaa kan guutu ta’uusaa madaaluu Martinuu Deebiidha. 154 / 200 afor 154. Karoora wayitii tokkoof qopheeffate erga barsiisee booda, haala barnoonni guyyaa itti kenname of duuba deebi’ee madaaluun maaliif barbaachisaa ta’a? Barnoota guyyaa irra deebi’ee barsiisuuf haala mijaawaa uummachuuf Qaama hir’inaa mudatan beekee wayitii itti aanutti fooyyessuuf karoorfachuuf Qaama ciminasaa beekee itti boonuudhaaf Martinuu deebiidha. 155 / 200 afor 155. Madaallii barattootaa haala fedhii barattootaa mara ilaalcha keessa galcheen geggeessuuf barsiisaan maal gochuutu irraa eegama? Madaallii gosa tokko kan gaaffilee cimoo, salphaa fi giddu-galeessa of keessatti qabate qopheessuudhaan qoruu Madaallii gosa adda addaa barattoota fedhii adda addaa qabaniif mijaawoo ta’an fayyadamuu Madaallii xumuraa fi walakkaa seemisteeraa akka madaallii bu’uuraatti fayyadamuu Madaallii gosa kamiyyuu caalaa hirmaannaa daree keessaa akka madaallii amansiisaatti fayyadamuu 156 / 200 afor 156. Adeemsa baruu fi barsiisuu afaan tokkoffaa keessatti dogoggorri akkamitti hubatamuu qabaa? Dogoggorri gochaa gadhee barattoonni amaleeffachuu hin qabnedha. Barattoonni dogoggoran yoo adabaman dogoggora uumuurraa of qusatu. Dogoggoruun qaama barnootaa waan ta’eef balaaleffatamuu hin qabu. Barattoonni dogoggora uuman kanneen iro amala gadhee barsiisu. 157 / 200 afor 157. Barnoota Afaan Oromoo keessatti dandeettiiwwan afaanii afran keessaa dubbisuu fi barreessuuf maaliif yeroo hedduun kennamaa? Dubbisuu fi barreessuun dandeettiiwwan biroo caalaa bu’a-qabeessa waanta’aniif Dubbisuu fi barreessuun jireenya hawaasummaatiif murteessoo waanta’aniif Dubbisuu fi barreessuun mallattoo namoota baratanii waan ta’aniif Dubbisuu fi barreessuun erga mana barumsaa galanii booda barachuu waan eegalanuuf 158 / 200 afor 158. Madaallii karoora malee yaadolee deebii barattootaarratti hundaa’u kami? Madaallii xumuraa Madaallii idilee Madaallii al-idilee Hunduu deebii ta’u 159 / 200 afor 159. Barattoonni hojiin garee yoo kennamu gareewwan tokko tokko saffisaan xumuranii gareewwan biroo akka hin jeeqne barsiisaan tarkaanfii fudhachuu qabu isa kami? Akka callisan akeekkachiisuu Yaada garee xumuree dhaggeeffachuu. gareewwan hafan akka saffisaan xumuranu gochuu Garee xumureef hojii biroo kennuu 160 / 200 afor 160. Barattoonnii, erga qubee faarsanii booda, Boca qubee akka tolchaniif taasistee, tooftaan ittiin barsiisaa jiru kun kaminni? Barreeffamaan shaakalchiisuu Dubbisuun barsiisuu Gochaan barsiisuu Dhaggeeffachuu shaakalchiisuu 161 / 200 afor 161. Barsiisaan Afaan Oromoo amaloota keeyyataa barattootaaf jalqaba afaaniin ibse; itti aansee, barreessee itti agarsiise; dhumarratti, keeyyata yoo barreessise barattoota tarsiimoolee barachuu kamiin filatanutu fayyadama? Barattoota ilaaluun baratanu (ij-ulee) barattoota dhaggeeffachuun baratan (gur-ulee) Barattoota hojjechuun baratan (hoj-ulee) Barattoota ij-uleeni, gur-ulee fi hoj-ulee 162 / 200 afor 162. Kanneen armaan gadii keessaa malleen baruu barsiisuu filachuurratti kan dhiibbaa hingeessisne kami? Kaayyoo barnootaa Qabiyyee barnootaa Haala hoggansa mana barumsaa Haala qabatamaa barattootaa 163 / 200 afor 163. Tarsiimoolee dandeettiiwwan afaanii barsiisuuf gargaaran armaan gadii keessaa kamtu filatamaadha? Dubbachuu qofaatti barsiisuun gara barreessuutti taruu Dhaggeeffachuu qofaatti barsiisuun gara dandeettiiwwan birootti taruu Dandeettiiwwan afaanii afuran qofa qofaatti addaan baasanii barsiisuu Dandeettiiwwan afaanii afran walitti fidanii (wal-qabsiisanii) barsiisuu 164 / 200 afor 164. Gosoota barnootaa kanneen biroo caalaa afaan mala od-ibsaatiin barsiisuun maaliif mijaawaa miti? Afaanii kennaa dhalootaan argamu waan ta’eef mala od-ibsaatiin barsiisuun rakkisaadha. Dubbachuun, dhaggeeffachuun, barreessuunii fi dubbisuun beekumsa waan ta’aniif mala od-ibsaatiin barachuuf mijaawaa miti. Dubbachuun, dhaggeeffachuun, barreessuunii fi dubbisuun beekumsa osoo hintaane dandeettii waan ta’aniif malli od-ibsaa mijaawaa miti Deebiin hin kennamne 165 / 200 afor 165. Barattoonni dubbisuu yoo baratan dandeettiiwwan gadifageessanii yaaduu, rakkoo hiikuu fi barreessuu akka gabbifatan gargaaruuf barsiisaan maal gochuu qaba? Mala baayyee gaarii tokko filatee yeroo mara itti fayyadamee barsiisuu Tarsiimoo barsiisuu bu’a-qabeessa ta’e tokko yaalanii heddumminaan itti fayyadamuu Gilgaalota dandeettii gadifaggeenyaan yaaduu, rakkoohiikuu fi barreessuu fooyyeffachuuf gargaaran hojjechiisuun yemmuu dogoggoran sirreessuu fi qajeelchuu. Gaaffilee salphaa barattoonni marti deebisuu danda’an gaafachuu 166 / 200 afor 166. Dubbisa keeyyatoota sadii qabu bakka sadiitti qoodnee, jalqaba keeyyata tokkoffaa duubisanii yaada keeyyata lammaffaa akka tilmaaman, itti aansineemmoo, keeyyata lammaffaa dubbisanii tilmaamnisaanii sirrii ta’uu akka mirkaneeffatanuufii yaadaa keeyyata sadaffaammoo akka tilmaaman yoo qajeelfama kennine, barattoonni keenya dandeettii maalii gabbifatu? Dandeettii saffisaan dubbisuu Dandeettii osoo hindubbisin carraadhaan yaada keeyyata itti aanuu beekuu Dandeettii yaada dubbisanirratti hundaa’anii kan isa itti aanu tilmaamuu Dandeettii sakatta’aan dubbisuu 167 / 200 afor 167. Of-madaallii barataaan geggeessurraa bu’aa gaariin akka argamu barsiisaan maal gochuu qaba? Barattoonni akka of-madaalan gochuun gosoota madaallii biroo dhabamsiisuu Firii of-madaallii isaaniirratti hundaa’uun qabxii kennuun dabruu fi kufuusaanii murteessuu Barattoonni of-madaaluu akka baratan gargaaruuu fi deeggaruu Of-madaallii barattootaa heddummeessuun gosoota madaallii biroo xiqqeessuu 168 / 200 afor 168. Hirmaannaa barataan dhuunfaadhaan hojii daree keessatti yeroo yeroon agarsiisu madaaluuf tooftaa filatamaan isa kami? Madaallii xumuraa geggeessuu yoo hojii garee hojjetan hordofuu Battallee kennuu hiryootasaa gaafachuu 169 / 200 afor 168. Hirmaannaa barataan dhuunfaadhaan hojii daree keessatti yeroo yeroon agarsiisu madaaluuf tooftaa filatamaan isa kami? Madaallii xumuraa geggeessuu yoo hojii garee hojjetan hordofuu Battallee kennuu hiryootasaa gaafachuu 170 / 200 afor 170. Dubbisa barsiisaan Afaan Oromoo kutaa 5-8 barsiisu tokko baayyisee dhuunfaan barattoota dubbisiisuuf qopheesse keessa jechoota haaraa isaan hiikasaanii hinbeekne hedduun yoo jiratan kanneen armaan gadii keessaa mala kamiin fayyadamuutu caalaatti filatama? Jechoota haaraa kunneen mara funaanee hiikasaanii barattootaaf dubbisa dura ibsuufii Barattoonni dubbisuu eegaluun dura hiika jechoota kunneenii galmee jechootaa keessaa akka barbaadan ajajuu Jechoota kunneeniif xiyyeeffannoo osoo hinkennin callisee dubbisiisuun hiikas aanii erga dubbisanii booda ibsuuf Jechootaa muraasa barattoonni ergaa dubbisichaa akka hinhubanne gufuu ta’an dursee hiikasaanii ibsee kanneen hafan galumsarraa akka tilmaaman gochuu. 171 / 200 afor 171. Kanneen armaan gadii keessaa hir’ina madaalliin xumuraa hojii baruuf barsiisuu keessatti qabu kan ibsu kami? Ga’umsa barattootaa sirriitti hin madaalu. Qabxii barattootaa galmeessuu fi qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuuf hin fayyadu. Hir’inasaanii akka hubatan barattootaaf carraa hin kennu. Hir’inasaanii akka fooyyeffatan barattootaaf carraa hin kennu 172 / 200 afor 172. Barsiisaan Afaan Oromoo, kutaa ja’affaa, barattootasaa dhuunfaadhaan sheekoo dubbisiise. Itti aansee, sheekoo dubbisan kitaaba cufanii gareen dabareen akka waliitti himan taasise. Dhumarrattimmoo, ergaa fi yaada sheekoo sanarratti qaban barreeffamaan akka waliif ibsan carraa yoo kenneef, barsiisaan kun dandeettiiwwan afaanii afuran keessaa kamiin barsiise? Dubbisuu Dubbachuu Barreessuu Dhaggeeffachuu 173 / 200 afor 173. Barattoonni hojiin garee yoo kennamu gareewwan tokko tokko saffisaan xumuranii gareewwan biroo akka hin jeeqne barsiisaan tarkaanfii fudhachuu qabu isa kami? Akka callisan akeekkachiisuu gareewwan hafan akka saffisaan xumuranu gochuu Yaada garee xumuree dhaggeeffachuu Garee xumureef hojii biroo kennuuf 174 / 200 afor 174. Haala barreeffama tokko itti dubbisnu kan murteessu: Mata duree dubbisichaa Kaayyoo dubbisuu Haala barreeffamichaa Sadarkaa barnootaa 175 / 200 afor 175. Ogummawwan afaanii armaan gadii keessaa Uummata Oromoo xiyyeeffannoo guddaa argachaa kan ture kami? Barreessuu Dubbisuu Dubbachuu Dhaggeeffachuu 176 / 200 afor 176. Malli afaan barsiisuu hammayyaa: ogummawwan afaanii adda addatti barsiisuu jajjabeessa Seerluga qaaccessuu jajjabeessa Ogummawwan afaanii hunda walfaana shaakalsiisuu jajjabeessa Beekumsa afaaniirratti xiyyeeffata 177 / 200 afor 177. Yeroo dubbisuu barsiistu: barattoonni callisuun akka dubbisan taasisuu qabda barattoota muraasa daree keessaa filachuun sagalee isaanii olkaasuun akka dubbisantaasisuu qabda quba isaanii sarararra oofuun akka dubbisan taasisuu qabda hiika jechootaa tokko tokkoon galmee jechootaarraa akka ilaalan gargaaruu qabda. 178 / 200 afor 178. Afaan dhalootaa barsiisuu keessatti kamtuu irra caalaa xiyyeeffannoo argachuu qaba? afaanichuma barsiisuu waa’ee afaannichaa barsiisuu dubbachuu barsiisuu jechoota barsiisuu 179 / 200 afor 179. Biyyoota Awarooppaa keessaa kan ogummaan barreeffama Oromoo jaarraa 19ffaa keessatti eegalee babal’ataa turee eessa? Ameerikaa Jarman Faransaayi B fi C’n deebiidha 180 / 200 afor 180. Akaakuu dubbachuu kan hin ta’iin kami? sheekkoo ykn qoosaa himuu haasaa nama lama gidduu haasaa kabajaa deebiin hin kenname 181 / 200 afor 181. Mala dubbachuu barsiisuuf gargaaru kan hin ta’iin kami? falmii mala ibsaa Marii hunduu deebii ta’u 182 / 200 afor 182. Mammaaksa “Sangaan marga arge boolla hin argu,” jedhu keessatti ergaan isaa kan mul’isu: of eeggannoo dhabuu tuffii kabaja Eebba/content 183 / 200 afor 183. Yeroon garmalee beela’e, dadhabe ykn muge, xiyyeeffannoon dhaggeeffachuu waanan hin dandeenyeef yaadasaa hubachuu hin danda’u.Rakkoon kun: kan haala dhaggeeffatichi keessa jiruu kan qabiyyee dhaggeeffatamuu kan dubbataa hunduu deebii ta’u 184 / 200 afor 184. Mata dureensaa yoo natti tole malee dhaggeeffachuuf hin dhiphadhu. Yaadota ijoofi barbaachisoo ta’anis barsiisaan irra deebi’uudhaan yaadannoos nu qabsiisuu waan danda’uuf dhaggeeffachuuf of hin dhiphisu. Rakkoon kun: kan dubbataa kan yoomessa dubbichaa D kan dhaggeeffataa deebiin hin kennamne 185 / 200 afor 185. Barattoonnii daree keessa jiran 65 osoo ta’ani, tooftaan hunda isaanii dubbatanii ittii hirmaachuu danda’an kami? Hojii dhuunfaa Marii garee Ibsa barsiisaa Afi C n deebiidha 186 / 200 afor 186. Malli ogummawwan haaraa barattoonni maatii fi hawaasa keessaa barachuu hin dandeenye barsiisuuf gargaaru kami? mala ibsaa mala ajajaa mala firii ykn bu’aa hunduu sirriidha 187 / 200 afor 187. Dubbannaa barsiisuuf malli filatamaa ta’e kami? Falmii Video TV Hunduu sirriidha 188 / 200 afor 188. Afoolli qabeenya hawaasa keessaa burqu. Kanaafuu, barattooni beekumsa afoolaa akka cimsataniif maal gochuutu barsiisota afaaniirraa eegama? Maatiifi ollaa gaafatanii akka dareetti fidanii dhufan taasisuu Isa kutaatti baratan akka maatii isaaniitti himan taasisuu Kitaabota gara garaarraa dubbisanii akka dhufan taasisuu Isa barsiisonni itti himan sirriitti akka qo’atan taasisuu 189 / 200 afor 189. Mata duree haaraa tokkorratti barattootaaf hojii yemmuu laannu waan hojjechuu qaban sirriitti akka beekaniif barsiisaarraa maaltu eegama? Fakkeenya laatee sirriitti hubachiisuu Gaaffilee ifa ta’an qofa itti laachuu Gaafileefi deebii walfaana itti laachuu Deebiin eesstti akka argamu itti himuu 190 / 200 afor 190. Hiika jechootaa akka gabbifatan barattoota keenya barsiisuu kan qabnu haala kamiini? Jecha dhaga’an sammuutti qabatanii akka deeman taasisuu Jecha beekaniifi kan hinbeekne walitti makanii qo’achiisuu Hima keessatti haala galumsaatiin akka hubatan taasisuu Jechoota afaan birootti jijjiirudhaan akka qo’atan taasisuu 191 / 200 afor 191. Barsiisaan barreeffama matadureen isaa ’nyaataa aadaa’ jedhu fayyadamuudhaan dubbisuu barsiisuu barbaade tokko gaaffilee dubbisaan duraakeessatti gaafachuu kan danda’u isa kami? Ergaan barreeffama dubbiste kanaa maali? Nyaata aadaa naannoo keetti beekamu himi. Gosoota nyaata aadaa addaan baasii ibsi. Keeyyata tokkoffaan waa’ee maalii odeessa? 192 / 200 afor 192. Barattoota gaaffilee qopheessineefirratti akka mari’atan taasisuuf yemmuu garee uumnu kanneen armaan gadii keessaa tokkorratti sirrii miti. Kam inni? Barattoota ciccimoo ta’an addatti gurmeessuu Barattoota dadhaboofi ciccimoo waliin gurmeessuu Barattoota giddu galaafi dadhaboo waliin gurmeessu Barattoota shamarraniifi dhiiraa waliin gurmeessuu 193 / 200 afor 193. Battalleen barattootaaf qopheessinu kanneen armaan gadii keessaa kan akkamii ta’uu qaba? Kan barattoota sodaachisuufi abdii kutachiisu Kan barattoota naasisuufi barsiisaa kabachiisu Kan barattoota aarsufi barnoota jibbisiisu Kan dhimma baratan yaadachuu isaanii madaalu 194 / 200 afor 194. Barattoota shamarraniifi dhiiraa kutaa tokko keessatti baratan akkamitti walqixa hirmaachisna? Gaaffii yemmuu gaafannu hundumaaf carraa laachuu Gaaffii yemmuu gaafannu barattoota shamarran qofa gaafachuu Gareetti yemmuu qoonnu saalaan adda baafnee teessisuu Kutaa keessatti barattoota dhiiraa qofa haalaan jajjabeessuu 195 / 200 afor 195. Karoora guyyaa yemmuu qopheeffaatu daqiiqaa wayitii tokko keessatti siif ramadame dhimmoota kamfa’arratti hundooftee addaan qoqqooddatta? Barnoota darbe yaadachiisuufi waan har’a dalagan itti laachuu Seensa laachuu, dhiheessuu, cimsuufi isa baratan sana madaaluu Barnoota yeroo darbe yaadachiisuufi isa har’aa gaaffidhaan madaaluu Barattootatti hojii laatanii waan isaan dalagaa jiran hordofuu 196 / 200 afor 196. Barattoota Afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan osoo kutaa kee keessatti argamanii akkamiin jajjabeessita? Haaluma barattoonni Afaan Oromootiin afaan hiikkataniitti. Yaalii isaanii jajjabeessudhaan akka hirmaatan taasisuu Akka isaan hinhirmaanne carraa itti cufuudhaan qancarsuu Yoo danda’an akka hirmaatan carraa laachuun jajjabeessuu 197 / 200 afor 197. Barattoonni jechoota Afaan Oromoo qubee sirriidhaan barreessuu akka danda’an barsiistuun afaanichaa maal gochuu qabdi? Yeroo hundaa qubee Afaan Oromoo takka takkaan barsiisuu qabdi Yeroo hundaa jechoota Afaan Oromoo tarreessitee bareessuu qabdi Waan barattoonni barreessan hordoftee dogoggora isaanii itti mul’isuu qabdi Barreeffama isaanii hordofuudhaan akka hindogoggorre akeekkachiisuu qabdi 198 / 200 afor 198. Qormaata qophaa’eef barattoonni hunduu guutumaa guutuutti yoo deebii kennan waa’ee qormaata kanaa ilaalchisee dhugaa kan ta’e kami? barattoonni kutaa sanaa baay’ee ciccimoodha qormaanni sun barattootatti baay’ee cimee jira qormaatichi sadarkaa barattootaa kan madaalu miti barattoonni hunduu beekumsa walqixxee qabu 199 / 200 afor 199. Dandeettii dhaggeeffachuu barsiisudhaaf meeshaan deeggarsaa sirriitti nu gargaaruufi baasii tokko malee kan itti fayyadamuu dandeenyu isa kami? Dhimma barnootaaf ta’u qopheessanii raadiyoodhaan dhiheessuu Dhimma barnootaaf ta’u irra deddeebi’anii dubbisanii seenessuu Dhimma barnootaaf ta’u teelevijiinidhaan barattoota qaqqabsiisuu Dhimma barbnootaaf ta’u haalaan qopheessanii barattootaaf raabsuu 200 / 200 afor 200. Barsiisaa afaanii guyyaa hundaa gara kutaa barnootaa osoo hindeemin dura dhimmoota raawwachuu qabu keessaa murteessaan isa kami? Uffata adii uffatee kutaa seenu uffachuu Kophee haaraa bitatee seeraan kaawwachuu Waan barsiisuu qabu dubbisee itti qophaa’uu Qabxiilee kutaatti barattoonni kaasan yaadachuu Your score isThe average score is 0% LinkedIn Facebook VKontakte 0% Restart quiz Modeela COC Bara 2012 Muummee Afaan Oromoof PDFDownload Share this