Modeela COC Bara 2012 Muummee Saayinsii Hawaasaaf Leave a Comment / COC Models / By admin Take COC Exam Online 0 Created on September 07, 2020 By admin Modeela COC Bara 2012 Muummee Saayinsii Hawaasaaf Modeela COC Bara 2012 Muummee Saayinsii Hawaasaaf 1 / 216 Sh 1. Baroonni Seenaa gurguddoon: Bara durii, Bara jiddu galeessaa fi Ammayyaa jedhamuun kan qoqqoodaman maalirratti hundaa’uuni? Argannoowwan ykn jijjiramoota diinagdee fi Siyaasaa gurguddoo jireenya dhala namaa keessatti mul’atan bu’uura godhachuun Bara haaraa Kalaandarootaa bu’uura godhachuun Dhalachuu fi du’uu moototaa bu’uura godhachuun Guyyaa dhalootaa fi du’aa namoota beekamoo bu’uura godhachuun. 2 / 216 Sh 2. Barnoota Seenaa barachuun maaliif barbaachisee? Seenaa dhaloonni dabre raawwate akkuma jirutti irra deebi’uun raawwachuuf. Ta’eewwan Seenaa dhalli namaa raawwate hundaa duguuganii beekuuf. Dogoggoroota dhaloonni dabre raawwate irratti tarkaanfii sirreessaa fudhachuuf. Dogoggoroota fi dalagaawwan gaarii dhalli namaa raawwatee dabrerraa muuxannoo argachuuf. 3 / 216 Sh 3. Barreeffamni waa’ee mootummaa Punt ibsu kan argame? Barreeffama dhagaarraa naannoo magaalaa Yahaa irraa. Qorannoo Arkeyoloojii naannoo Somaaleetti godhameen Barreeffama Piraamiidi irraa kan biyya Misiritti argameedha Ertiraa har’aa keessatti barreeffama Biraannaa irraa argame. 4 / 216 Sh 4. Waliigaltee Sadeeni (Tripartite) kan bara 1906 kan malleetteessan biyyoota kami? Itoophiyaa , Xaaliyaanii fi Biritaaniyaa Itoophiyaa, Keeniyaa fi Eritiraa Xaaliyaanii, Itoophiyaa fi Faransaay Faransaay, Xaaliyaanii fi Britaaniyaa 5 / 216 Sh 5. Hambaan lafee Luusii ykn Dinqinash kan argame eessatti? Hadaar Gonaa Dikikaa Edaaltuu 6 / 216 Sh 6. Dameen qo’annaa kan hambaa meeshaa fi lafee nama durii qoratu maal jedhamuun beekama? Bootaanii Ji’ooloojii Arki’oloojii Niwrooloojii 7 / 216 Sh 7. Itoophiyaan madda (bakka argama) dhala namaa kan jedhamtu sababa maaliifi? Biyya sabaa fi sab-lammootaa waan taateef Biyya bittaa kolonummaa jala hin galle waan taateef Biyya hambaan lafee dhala namaa umurii dheeraa qabu itti argame waan taateef Biyyoota Afrikaa keessaa kalandara (dhaha) mataashee kan qabdu waan taateef. 8 / 216 Sh 8. Sululli qinxamaan Gaanfa Afrikaa eddoo dhalli namaa bara dheeraan duraa jalqabee irra jiraate tahuu kan raggaasisu? Ragaaleen Seenaa afaaniin dabran dhugaa bahuu. Hambaaleen Arki’oolojii umurii dheeraa qaban hedduun naannoo kanatti argamuu. Ragaalee Seenaa kan afaan Giriikii, Laatinii fi Gi’iiziin barreeffamaan argamuu Qilleensi naannoo kanaa jireenya dhala namaaf baay’ee mijataa tahuu 9 / 216 Sh 9. Kanneen aramaan gadii keessaa tokko madda odeeffannoo seenaa sadarkaa tokkoffaa miti Siidaawwan Saantimoota Gamoowwan Kitaabilee maxxanfaman 10 / 216 Sh 10. Waa’ee Nuubiyaa (Kush) durii ilaalchisee kan sirrii hin taane isa kami? Akkuma Misiroota durii Piraamidoota ijaaruun beekamu. Magaalli guddoon Naappataa jedhamti. Bara 350tti Aksum weeraruun barbadeessan. Hojii Sibilaatiin daran kan beekaman turan. 11 / 216 Sh 11. Saantimoonni Warqii, Meetiifi Biroonzii Aksumotaa? Daldala biyyoota alaa wajjin gaggeeffamuuf kan qophaa’aniidha. Fakkiin mootoota Aksum kan irratti bocameedha. Barreeffama afaan Giriikii fi Gi’iizii ofirraa qaban. Hunduu deebii ni tahu 12 / 216 Sh 12. Mootummaa Aksum ilaalchisee himni sirrii hin taane isa kami? Mootummoota Giriikii fi Roomaa waliin hariiroo cimaa uumuu dandeessee turte. Manneen waaqeffannaa fi bataskaanoota hedduu ijaaranii jiru Buna hamma Suudaanitti daldaluun beekamoo turan. Saantimoota Warqii fi meetii irraa bocanii jiru. 13 / 216 Sh 13. Kanneen armaan gadii keessaa kufaatii Mootummaa Aksumiif sababa kan ta’e isa kamii? Fincila horsiisee bultoota Beejaa Gocha baratamaa ummata Ayhudootaa Babal’achuu amantii Kiristaanaa Weerara biyya Xaaliyaanii 14 / 216 Sh 14. Seenaa qarooma Aksum keessatti yeroon jaarraa saddeettaffaa hanga kudha lammaffaa jiru maaliif ‘bara dukkanaa’ j edhamuun moggaafamee? Seenaan Aksumotaa kan yeroo kanaa waan sirriiitti hinbeekamneefi. Qaroomni Aksum yeroo kanatti daran waan dagaageefi. Aksumonni baroota kana waraana walii waliinii gaggeessaa waan turaniifi. Aksumonni bara kana galaana Diimaa ce’uun Yeman waan bulchaniifi. 15 / 216 Sh 15. Mootummaan Aksum daldalaan hanga biyyoota baha fagootti beekamaa ture. Buufanni doonii fayyadamaa ture maal jedhama? Bo’oo Siwiiz Jibuutii Adulis Mombaasaa 16 / 216 Sh 16. Maddii aangoo fi qabeenyaa mootota Aksum maali ture? Gibira ummata irraa sassabamu To’annaa daldala biyya alaa Hojii warshaa fi Albuudabaasuu A fi B deebiidha 17 / 216 Sh 17. Gumaachi qarooma Aksum inni guddaan isa kam ture? Ijaarsa riqichaa Ijaarsa masaralee Ijaarsa mana Amantii siidawwanii Ijaarsa siidawwanii 18 / 216 Sh 18. Jaarraa 6ffaa Dh.K.Booda Aksum maaliif Arabiyaa kibbaa weerarte? Amantaa kiristinaa babaldhisuuf Kiristaanota Arabiyaa kibbaa jiraatan du’a irraa oolchuuf Pershiyaanota achii ari’uuf Siidaa waaqeffattoota balleessuf 19 / 216 Sh 19. Dabareewwan Seenaa keessaa ‘kan qabatamoo hin taane’ jedhamuun kan beekaman? Afaaniin dhalootarraa dhalootatti kan ce’aniidha. Masaroota, siidaawwan, manneen waaqeffannaa fi kkf. Kennaawwan naannoon tokko uumamaan argatu kanakka teessuma lafaa hawwataa fa’a. Dabareewwan yeroo ammaa hinjirre garuu kan Arki’olojistoonni qorachuun argataniidha 20 / 216 Sh 20. Sababa gara Itoophiyaa seenuu amantii Kiristaanaatiin wantoota dhufan keessatti kan hin hammatamne isa kami? Jireenya afuuraa Babal’ina hog-barruu Babal’ina amantii Jalqabamuu barnoota amantiirraa bilisaa (Secular) 21 / 216 Sh 21. Naannoo gaanfa Afrikaatti Amantii Kiristaanummaa babal’isuun kan beekaman? Fireemnaaxoos ykn Abuna Salaamaa Mootii Izaanaa, Zooskaalas fi Kaaleeb Qulqulloota Saglan biyya Siiriyaati dhufan Weeddisaa fi Faarfannaa Yaareed 22 / 216 Sh 22. Amantiin Islaamaa gara gaanfa Afrikaa seenuun kan lafa bal’aa waliin gahe? Duula Jihaadii Musliimonni Arabiyaa bara 702tti raawwataniin. Daandii daldalaa hordofuun lallabdoota fi daldaltoota Arabaatin. Musliimonni jalqabaa warra Qureeyshii dheeffuun gara Aksum yoo baqatan. Ibiin Ahmad (Ahmad Giraany) bara 1529 – 1543tti gaanfa Afrikaa yoo bulchu. 23 / 216 Sh 23. Barri Mootummoota Zaagwee kan ittiin beekamu?i. Deeggarsa bataskaana Ortodooksii qabaachuun. Bataskaanoota dhagaa tokkorraa bocaman hedduu ijaaruun. Siidaawwan dhedheeraa tahan dhaabuudhaan Giddugaleessa (teessoo moototaa) dhaabbataa kan hin qabnee tahuu isaani. 24 / 216 Sh 24. ‘Mootummaa Solomoonawaa’ deebisee kan hundeesse mootii kamii? Na’aakutoola’aab Laalliibalaa Kaaleeb Yikunoo Amlaak 25 / 216 Sh 25. Sababni guddaan dadhabaa deemuu mootummaa zaaguwee durii maali? Waldorgommii taayitaa qabachuu Daldalli alaa irraa addaan cituu Fincila ummata Beejaa Arabootni Galaana diimaa qabachuu 26 / 216 Sh 26. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu dura raawwatee? Ijaarsa Masaroota Goondar Ijaaramuu bataskaanota Laliibalaa Dhaabachuu Siidaa Aksum Hundeeffamuu Finfinne 27 / 216 Sh 27. Sababni ijoon walitti bu’iinsa mootota kiristaanaafi mootota Islaamaa gaanfa Afriika bara giddugaleessaa Garaagarummaa amantii Walmorkii buufataalee daldaalaa galaana Diimaa to’achuuf godhame Fedhii to’annaa daldaala Zeyilaafi dandiilee Giddu seenummaa humnoota biyyoota alaa 28 / 216 Sh 28. Yeroo waraana Ibin Ahmad (Ahmad Giraanyi) biyyi Poorchugaal kan mootummaa Kiristaanaa cinaa hirirtee maaliif ture? Amantii Kaatoloikii naannichatti babal’isuuf Naannicha Kolonummaan qabachuuf Lammilee isaanii Ibin Ahmad mana hidhaatti galche hiiksisuuf Waamichaa fi kadhaa Otomaan Turkoonni godhaniin ture 29 / 216 Sh 29. Mootummaa Kafaa ilaalchisee kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaadha? Maqaan moototaa isaanii Mikereechoo jedhama Bifa qindaa’een diina isaanii ofirraa faccisu Itoophiyaa Tewodiroos tokkummeesse keessaa garee tokko turan Wereera Mahaadistoota karaa Sudaan boodatti deebisuu keessatti gahee taphataniiru 30 / 216 Sh 30. Mootummoota Gibee shanan (5) keessatti kan hin ramadamne isa kami? Limmuu Inaariyaa Leeqaa Naqamtee Jimmaa Gommaa 31 / 216 Sh 31. Waa’ee Mootummaa fi Magaalaa Haarar kan sirrii hin taane isa kami? Weerara ofirraa itisuuf jaarraa kudha jahaffaa keessa dallaan Jagol ijaarrame Mootiin sirna motummaa Haararii hundeessee Alii Ibin Daawuud jedhama. Waggoota kudhaniif (1875 – 1885) to’annaa Misirootaa jala turte. Haarar giddu galeessa barnootaa fi waaqeeffannaa amantii Kiristaanaa turte. 32 / 216 Sh 32. Sababni ijaarsa dallaa Harar (Jogool) maal ture? Magaalattiin daawwattoota akka harkistu gochuuf Magaalattii giddugaleessa daldalaa gochuuf Magaalattirraa babal’ina uummata Oromoo ittisuuf Qarooma gara magaala Harar seensisuuf 33 / 216 Sh 33. Magaalli Goondar giddu galeessa teessoo moototaa fi siyaasaa taatee kan hundoofte bara mootii kamiiti? Suusiniyoos Amda Tsiyoon Minilik II Faasiladas 34 / 216 Sh 34. Mootiin Faasiladas (1632- 1667) akkuma gara aangoo dhufeen tarkaanfiin inni fudhate maal turee? Amantiin mootummaan isaa hordofu Kaatolikii tahuu isaa labsuu. Itoophiyaanota amantii Kaatolikii hordofaniif mirga waaqeeffannaa kennuu. Lamileen biyyaa alaa akka Itoophiyaa gadlakkisanii bahan gochuu. Lammiin alagaa gara Itoophiyaa seenuun akka daawwatu hayyamuu. 35 / 216 Sh 35. Sirna Gadaa uummata Oromoo keessatti Aangoon moototaa daangaa hinqabu Aangoo siyaasaa kan murtaa’uu abbootiidhaan ta’a Abbootiin Gadaa masaraa mootummaa keessa taa’u Abbootiin duulaa caffee keessatti harka caalmaa qabu 36 / 216 Sh 36. Sirni bulchiinsa hawaas-diinagdee fi siyaasaa Uummata Oromoo maal jedhamuun beekamaa? Gadaa Limmuu Ifaat Sikkaa 37 / 216 Sh 37. Gara Lafa ol ka’aa giddugaleessa Itoophiyaatti babaldhifachuu ummata Oromoof sababa kan hin taane; Bara 1527 – 1543 waraana musilimotaa fi kiristaanote giddutti godhamee humni lamaanuu dadhabuu. Sirna guddiffachaa fi Oroomessuu uummata Oromoo. Oromootni meeshaa waraanaa ammayyaa qabaachu Sirna Gadaa 38 / 216 Sh 38. Abbaan Gadaa tokko waggaa meeqaaf aangoo irra tura? Waggaa 16 Waggaa 8 Waggaa 10 Waggaa 12 39 / 216 Sh 39. Bara Abboota Waraanaa (Zamana Masaafintii) keessa Oromoonni Walloo magaala Gondar keessatti aangoo ol’aanaa qabatanii turan eenyu jedhamu? Oromoota Raayyaa Oromoota Yejjuu Oromoota Kamisee Oromoota Booranaa 40 / 216 Sh 40. Mootota Itoophiyaa baraa keessaa kan lafa bal’aa qabachuun uumamuu danaa Itoophiyaa har’aatif sababa tahe eenyu? Tewodroos II Yohaannis IV Miniliik II Haayila Sillaasee I 41 / 216 Sh 41. Gootota Itoophiyaa Keessaa kan waraana Adwaa (1896) fi deebi’ees yeroo weerara Xaaliyaanii osoo qabsaa’uu ajjeefame kami? Jeneraal Abdiisaa Aagaa Fiitaawraarii Habtagiyoorgis Diinagdee Dajaazmaach Baalchaa Saafoo Balaay Zallaqaa Qilxuu 42 / 216 Sh 42. Keeyyanni 17ffaan waliigaltee Wucaalee ka’umsa waraana isa kamtu sababa tahe? Maqdallaa Adwaa Dogaalii Wooyinaa Dagaa 43 / 216 Sh 43. Injifannoo Adwaa ilaalchisee himni sirrii hin taane isa kami? Dirree waraanaa isa jalqabaa kan ummanni gurraachi warra adii itti mo’atan dha Injifannoo Itoophiyaanonni biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya gaarii itti ta'an dha. Mootummaa Miniliik kan laaffisedha. Tokkummaa ummata Itoophiyaa cimseera. 44 / 216 Sh 44. Qabsoo Qonnaan bultoota Itoophiyaa keessaa, qabsoo Qonnaan bultoota Baalee maaltu adda isa godhaa? Deeggarsa biyya alaa argachuu Safarrii fi gibira lafaatin walqabachuu Bifa qabsoo amantii qabaachuu A fi C’n deebii dha. 45 / 216 Sh 45. Seenaa Itoophiyaa keessatti dubartiin aangoo mootii moototaa gonfatte tami? Xaayiyuu Bixxuul Zawdituu Miniiliik Iteegee Mintiwaab Iteegee Wabii 46 / 216 Sh 46. Dirreen Waraanaa Raas Tafariin loltoota Liji Iyyaasu itti moo’ate? Galamsoo Sagalee Fiichee fi Gaara Mul’ataa Mi’eessoo 47 / 216 Sh 47. Bulchiinsa Hayila Sillaasee fi Dargii kan walfakkeessu? Mootota tahuu Waaqayyoon dibamne jedhu Fedhii uummata bal’aa guutuu dadhabuu Lafti harka mootummaatti galuu. 48 / 216 Sh 48. Hariiroon dirree waraanaa fi biyyi waraanaan mo’amte sirrii hin taane kami? Gurraa-Suudaan Dogaalii-Xaaliyaanii Matammaa-Mahaadota Adwaa-Xaaliyaani 49 / 216 Sh 49. Bakka dirree Waraanaa Guraatti Humni wereertootaa guutummaatti injifatamanii turan Mahaadistoota jalaa humna waraanaa hedduutu dhumate Humni waraanaa Xaaliyaanii mo’atamanii turan Yohaannisiifi Miniliiki waliin ta’anii diina isaanii rukutaa turan 50 / 216 Sh 50. Waa’ee dirreewwan waraanaa Gundatii fi Gurraa kan sirrii tahe isa kami? Kan gaggeeffaman bara 1875 fi 1890 walduraa duubaan ture Loltoota Itoophiyaa fi Misir gidduutti kan gaggeeffame ture. Waraanichi bilisummaa Afrikaatiif bu’uura taheera. Ajajaan loltootaa Jeneraal Naappiyeer ture. 51 / 216 Sh 51. Motoota Itoophiyaa armaan gadii keessaa kan harka diinoota biyya alaatin ajjeeffame kami? Tewodroos II Yohaannis IV Liji Iyyaasuu Mangistuu Hayilamaariyaam 52 / 216 Sh 52. Mootota Itoophiyaa keessaa kan si’a jalqabaaf amantii kirstaanummaa fudhate eenyu? Izaanaa Saayizaanaa Fireemnaaxoos Faasiladas 53 / 216 Sh 53. Mootummoota Itoophiyaa durii keessatti kan hin hammatamne isa kami? Puunt Da’amat Beejjaa Zaaguwee 54 / 216 Sh 54. Bulchaan xumuraa Emireetii Harar eenyu? Ahmad Ibin Ibraahiim Amiir Abdullaahii Amiir Mootaalamii Mootii Izaanaa 55 / 216 Sh 55. Mootummaa Walaayittaa kan hundeesse eenyu? Mootaalamii Taatoo Gaakii Shaarichoo Ahimad Giraany Mootii Izaanaa 56 / 216 Sh 56. Waa’ee hawaasa Koonsoo ilaalchisee himni sirrii isa kami? Bataskaanoota dhagaarraa bocuudhaan (ijaaruun) beekamu Beekumsa ijaarsa daagaa kan aadaa qabu. Bulchiinsa siyaasaa qabaachuun beekamu Dhaha (Kalaandara) adda tahe qabu ture. 57 / 216 Sh 57. Qabsoo seenaa bilisummaa Afrikaa keessatti barri 1960 maal jedhamuun beekama? Bara Kolonummaa Bara Afrikaa Bara du’a Paatris Lumumbaa Bara yaa’ii shanaffaa Paan Afrikaanizimii 58 / 216 Sh 58. LabsiinMirga Namummaa Addunyaa (UDHR) bara _____ tti Dhaabbata Mootummoota Walta’aniin labsame. 1948 1945 1954 1957 59 / 216 Sh 59. Kaasaa Marcaa inni Tigree yeroo aangoo qabatu maqaa gonfoo inni fayyadama? Mootii Moototaa Yohaannis IV Mootii Moototaa Tewodroos II Mootii Moototaa Suusiniyoos Mootii Moototaa Takilagiyoorgis 60 / 216 Sh 60. Humnoota biyya alaa armaan gadii keessaa kan waraana kallattii bara mootii Yohannis Itoophiyaa wajjin hin geggeessine kami? Misir Ingiliz Xaaliyaanii Sudaan 61 / 216 Sh 61. Mootiin Moototaa Miniliik II bara bulchiinsa isaa kan hin raawwanne isa kami? Daangaa biyyattii daangeessuu Tokkummaa biyyattii cimsuu Teknooloojiiwwan ammayyaa hedduu gara biyyaatti fiduu Afaan Gi’iizii afaan hojii biyyattii gochuun labsuu 62 / 216 Sh 62. Tafarii Makonnin osoo Haayilasillaasee I jedhamee gara aangootti hin dhufiin dura dhaalaa gonfoo eenyuu ture? Giiftii Zawdituu Giiftii Xaayituu Giiftii Illeenii Giiftii Manan 63 / 216 Sh 63. Kaanneen armaan gadii keessaa heera Itoophiyaa bara 1931 ilaalchisee kamtu sirriidha? Aangoo siyaasaa mootummoota gara naannooletti gad buusuuf kan qophaa’edha Abbootiin lafaa akka to’annoo mootii jalatti kufan godheera Aangoon mootota naannoolee akka cimu karaa saaqeera Waajjirri muummicha ministeeraa akka hundaa’uu godheera 64 / 216 Sh 64. Heerri barreeffamaa Itoophiyaa inni jalqabaa kan hojiirra oole bara: 1931 2003 1981 1985 65 / 216 Sh 65. Itoophiyaan miseensa Liigii Mootummoota Addunyaa tahuun kan galmoofte bara: 1923 1934 1940 1987 66 / 216 Sh 66. Kanneen armaan gadii keessaa weerarri Xaaliyaanii bara 1935–1941 bu’aa gaarii Itoophiyaaadhaaf akka buusetti kan ilaalamu isa kami? Sarbamuu mirga namummaa Geejjiba ammayyaa gara biyyaatti galchuu Tajaajila poostaa yeroo jalqabaaf gara biyyaatti seensisuu Gabrummaa biyya keessaa balleessuu 67 / 216 Sh 67. Bara jiddugaleessaa Awurooppaatti haaromsi aartii fi saayinsii Girikii fi Roomaa maal jedhamuun beekama? Inlaayitmentii Reenaayisaansii Riifoormeeshinii Faallaa Rifoormeeshinii (Counter reformation) 68 / 216 Sh 68. Kanneen armaan gadii keessaa bu’aa waraana Shumburaa Kuree kan tahe isa kami? Nageenyii fi tasgabbiin naannoo kaaba Itoophiyaatti argamuu. Mootummaan Kiristaanaa injifannoo argachuu Loltoonni Ahmad Giraanyi qabeenya Bataskaanaa hedduu barbadeessuu Mootummaan Kirstaanaa Ahmad Giraanyiin gaggeeffamu hundaa’uu 69 / 216 Sh 69. Waraana Maqdallaa ilaalchisee himni sirrii hin taane isa kami? Loltoonni Biritaaniyaa qabeenya biyyattii hedduu fi ilma Tewoodroos dabalatee saamuun deebi’anii deeman. Waraanichi loltoota Tewoodroos II fi Biritaaniyaa jidduutti gaggeeffame Mootiin Moototaa Tewoodroos II xumura waraanichaa irratti ofiin of ajjeese Itoophiyaan injifannoo argatte 70 / 216 Sh 70. Mootiin Tewodroos II kan hin raawwanne isa kami? Magaala Gondar teessoo mootummaa isaa godhachuu Daldala gabraa (slave) balleessuuf yaaluu Afaan Amaaraa afaan hojii gochuu Bulchiinsaa fi qabannaa lafaa fooyyeessuu 71 / 216 Sh 71. Bataskaanota Laallibalaa kan dhagaarraa bocaman (rock hewn) ilaalchise himni sirrii hin taane isa kamii? Mootii Lallibalaadhaan ijaaraman Kan Misir fi Sumeeriyaanotaan ijaarame dha. Iyyarusaalem lammataa jedhamuun beekaman Sadarkaa ogummaa ijaarsa dinqisiifamaa Itoophiyaa barasanaa agarsiisa 72 / 216 Sh 72. Seenaa Itoophiyaa keessatti hoteelli jalqabaa kan baname eenyuuni? Giiftii Illeenii Giiftii Manan Giiftii Xaayituu Giiftii Mintiwaab 73 / 216 Sh 73. Gochoota Leebaashaayii fi Quraanyaa akka badan kan taasise eenyuu? Mootii Moototaa Miniliik II Lij Iyyaasuu Mootii Moototaa Tewoodroos II Mootii Moototaa Haayilasillaasee I 74 / 216 Sh 74. Gareen ergamtoota Bataskaana Kaatolikii kan jaarraa 16tffaa keessa Itoophiyaa gara Kaatolikiitti jijjiiruuf ergamanii dhufan maal jedhamu? Luutaraanizimii Hordoftoota Joon Kaalviin Jesuu’itoota (Jesuits) Pirotestaantota 75 / 216 Sh 75. Itoophiyaa ilaalchisee kan sirrii hin taane kamii? Biyyattiin bara 1960 bittaa kolonummaa jalaa biliisa baate Biyyattiin qooqa (afaan dubbii) hedduu qabdi Argannoowwan arki’oloojii baay’ee qabaachuun beekamti Itoophiyaan lakkoofsaa fi qubee barreeffamaa mataa ishii qabdi 76 / 216 Sh 76. Adda waraanaa shumburaa kureetti ijifannoo Ahmed Giraanyiif kan gumaache maal? Musilimoonni humna waraanaa guddaa qabaachuu Meeshaa waraanaa Ammayyaa Turkii irraa argachu Dandeetii hoggansa Ahmed Giraanyiifi kutannoo loltoota isaa B fi C deebiidha 77 / 216 Sh 77. Kamtu mootummaa Islaamaa isa jalqaba hunda’edha? Haadiyyaa Adaal Ifaa Shaawaa 78 / 216 Sh 78. Guyyaa hamaa “kifu Qen”kan jedhamu kami? Dhukkuba Bunaa Bara jeequmsa siyaasaa Dhaabbatni safarrii lafaa hundaa’uu Beela cimaa 1888- 1892 Itoophiyaa ture 79 / 216 Sh 79. Dhaadannoon barattoota yuniversitii bara 1965 qabatanii dandeetti hiriira bahan; Lafi Abbootii Lafaaf Lafti qonnaan bulaaf Itoophiyaan haadursitu Sooshalizimii Itoophiyaa 80 / 216 Sh 80. Seenaa Itoophiyaa keessatti barri bulchiinsa Dargii kan ittiin hin beekamne isa kami? Barnoota Idilee fi ga’eessota babal’isuu, uummata dirqiin barsiisuu. Sirna Soshaalizimii, qabeenya waliinii fi diinagdee ajajamaa. Waraana walii waliinii fi dargaggoota dirqiin gara waraanaa erguu. Fincilaa fi mormii barattoota manneen barnoota sadarkaa lammaffaa fi Yunivarsiitii 81 / 216 Sh 81. Sababa Kufaatii Dargii kan hin taane kami? Fincillli Qabsaa’oota Tigraay fi Eritiraa finiinuu Kufuu sirna Sooshalizimii Raashiyaa Deeggarsa uummataa qabaachuu Hunduu deebiidha 82 / 216 Sh 82. Zimbaabwee guddittiin kan ittin beekamtu; Sirna barreeffaman Fakkii keenyaniin Ijaarsa dhagaan Impaayera Ijaaruun 83 / 216 Sh 83. Daldala garbaa qaxxaamura Atilaantikii irraa galii isa guddaa kan argataa turte; Afriikaa Awurooppaa Eeshiyaa Ameerikaa 84 / 216 Sh 84. Misir Durii wiirtuu qarooma bara durii kan taate sababa maaliin? A. Caarra guddaa qonnaa sulula laga Naayiliin walqa batee qabdu. B. Dhiyeenya isheen qarooma baha dhiyoo fi meeditaraaniyattin qabdu. Qabeenya biyyoota naannoo sahaaraa gadiisamuun fayyadamu Hundi deebii 85 / 216 Sh 85. Taateen yeroo Giriikiin Misiriin qabatan raawwatekan hin taane kami? Hundeeffamuu magaalaa Aleeksandariyaa Sirna mootii Pootolomii hundeessuu Baha giddu galeessaa keessatti deebi’ee dagaaguu mootummoota Islaama Giriikoonni aadaa Misiroota fudhachuu 86 / 216 Sh 86. Humni Awarooppaa yeroo jalqaba garba Hindii seene kamidha? Daachi Poorchugaal Inglizii Ispeen 87 / 216 Sh 87. Maatii afaanii gurguddoo Afriikaa keessaa kan Itoophiyaa keessaatti ballinaan dubbatamu Naayiloo- Sahaaraan Kohi- Saan Afroo- Eshiyaati Niijer- Koongoo 88 / 216 Sh 88. Fincila maajii maajiif sababa bu’uura kan hin taane kami? Walabaan socho’uu meeshaalee fi namootaa Miidhaa ummata baldhaa irra gahe Gibira ulfaataa Hojii dirqisiisuun hojechiisuu 89 / 216 Sh 89. Biyyootni imammata bulchiinsa kolonii kallattii Afrikaa hordoftu; Jarmanii Faransaay Ingilizii Poorchugal 90 / 216 Sh 90. Biyyi naannoo sahaaraa gadii jalqaba bilisuummaa ishee gonfatte kamidha? Zimbaabwee Giinii Naayijeriyaa Gaanaa 91 / 216 Sh 91. Ummata jalqabaa Ameerikaakan ta’an kami? Hindoota diimoo Gurraachota Ameerikaa Ameerikaa warra Adii Hindoota keelloo 92 / 216 Sh 92. Jaarraa 16ffaa fi 17ffaa sochii rifoormeshinii Awurooppaatti maaltu ta’e? Jijjiiramni sirnabulchiinsaa muldhachuu Magaalotatti sochiin saffisaa indusitirii ta’uu waraanni Amaantii eegaluu Waldhabdeen kiristaanotaa fi musilimotaa guddachuu 93 / 216 Sh 93. Sirna dulloomaa bulchiinsa Faransaay keessatti gitni walabaa fi faayidaa argachaa ture kami; Hojjetoota magaalaa Ummmata baldhaa Ummata % 3 qofaa Dureeyyii Burzyaa kan ta’an 94 / 216 Sh 94. Tokko bu’aa waraana bilisummaa Ameerikaa miti? Warraaqsa ajaa’ibsisaa Ingilizii fide Dhalachuu Mootummaa Tokkummaa Ameerikaa Jijjiirama imaammata bulchiins Ingilizii fide Warraaqsa Faransaayi fide 95 / 216 Sh 95. Sababni bu’uuraa waraana Addunyaa tokkoffaa; sirni Faashitii eegaluu Ajjeeffamuu Ferdinaand Impeeriyaalizimii Kufaatii Liigii mootummootaa 96 / 216 Sh 96. Waraanni ololaa bara seenaa isa kam keessatti ramadama? Seenaa si’anaa Seenaa Ammayyaa isa duraa seenaa bara giddugaleessaa seenaa Bara Durii 97 / 216 Sh 97. Sochiin Amantiin pirotestaanti Amantii kaatolikii irraa fottoquuf ta’e maal jedhama? Rifoormeeshini Miti Rifoormeeshinii Jijjiirra Amantii Reenesansii 98 / 216 Sh 98. Seenaa Itoophiyaa keessatti, barri 1906- 1930 jiru Bara Xaaliyaaniin gara Itoophiyaatti baballifatteefi kaaba Itoophiyaa itti qabattedha Bara aangoon mootummaa giddugaleessaa itti cimedha Bara waraanni biyyoottan alaa wajjin itti geggeeffamaa turedha Bara nageenyiifi tasgabbiin siyaasaa itti dhabamedha 99 / 216 Sh 99. Argama bir-qabaa Itoophiyaa ilaalichisee soba kan ta’e kami? Itoophiyaan dhiha Jibuutiitti argamti Itoophiyaan baha Somaaliyaatti argamti Itoophiyaan baha Suudaanitti argamti Itoophiyaan kaaba Keeniyaatti argamti 100 / 216 Sh 100. Waxabajjii 21ffaa ilaalchisee kamtu dhugaa dha? Lafti dakeen kibba baha Itoophiyaa rooba gannaa argata Sararri ITCZ fi dhiibbaan qilleensa xiqqaa kibba Itoophiyaatti uumama. Bubbeen Ikkuwaatoriyaal-Weestarliisii rooba gannaa Itoophiyaarratti uuma. Ciisaan Affaar bubbee Galaana Diimaarraa ka’uun rooba argata. 101 / 216 Sh 101. Kannen armaan gadii keessa tokko ragaa laftii danaa korbootti dhiyaatu qabachuu isheehin mirkaneessu. Suura lafaa saatalayitiirraa fudhatamee https://elearning.jcte.edu.et/wp-admin/options-general.php Gaaddidduun ji’aa fuula lafaarratti mul’aachuu. Aduun bahuu fi lixuu ishee 102 / 216 Sh 102. Qaama bishaan isaa kamtu Gaanfa Afrikaa waliin wal daangeessa? Garba Paasifikii Galaana Mediteraaniyaanii Garba Atlaantikii Galaana Diimaa 103 / 216 Sh 103. Faayidaa qabeenya bishaan Baha Afrikaa kanhin taane kami? Man-kuusaa peetirooliyeemii Qonna jallisii Humna ibsa maddisisuu Qurxummii kiyyeessuu 104 / 216 Sh 104. Yeroo dheeraaf biyyoonni yaa’a olii laga Naayilii irraa faayidaa misooma argachaa hin ture. Sababa ijoo kan hin taane kami? Walitti bu’iinsa biyyoota keessa ture Cimina biyya Misiraa soddarraa kan ka’e Qindoomina dhabuu biyyoota yaa’a olii Hanqina teeknooloojii fi hiyyummaa 105 / 216 Sh 105. Faayidaa kaartaa kan ta’e adda baasi? Karoora misoomaaf oola Dooniin (yabaltoonni) bishaan irraa adeemuuf Argama wantootaa kenna Hunduma 106 / 216 Sh 106. Kaartaa irratti halluun cuqullisaa maal bakka bu’a? Lafa olka’iinsa guddaa qabu Qaama dachee diriiraa Qaama bishaanii Lafa biqilootaan uwwifame 107 / 216 Sh 107. Wixinee kaartaa ilaalchisee kan sirrii hin taane isa kami? Mata duree fi agarsiistuu kaabaa qaba Iskeeliidhaan kaafama Argama bu’uuraa taateewwan murtaa’oo agarsiisa Taateewwan adda addaa agarsiisuuf mallattooleetti fayyadama 108 / 216 Sh 108. Odeeffannoo handaara kaartaa kan ta’e isa kami? Iskeelii kaartichaa Sararoota olka’iinsa lafaa mul’isan Suuraa qilleensarraa ka’u Odeenfannoo Sirna Ji’oogiraafii (GIS) 109 / 216 Sh 109. Kaartaa irratti sararri bakkaawwan dhiibbaa qilleensaa wal-qixa ta’an qunnamsiisu maal jedhama? Isoneph Isohyets Isohels Isobar 110 / 216 Sh 110. Dhiibbaa uumamaatin kan ka’e faca’iinsa biqiloota uumama Baha Afrikaa kan hin to’ane kami? Madaala uumamaa Qilleensa baramaa Saanqaa baasuu Teessuma lafaa 111 / 216 Sh 111. Kannen armaan gadii keessa tokko dhiibbaa saffisaan dabaluu lakkoofsi ummataa biqiloota uumamaa irratti qabu dha. Badiinsa biqiloota baayina fi sanyii Badiinsa bineensota Jijjirama qilleensaa Beela irra deddeebii 112 / 216 Sh 112. Saffisan dabaluun lakkoofsa ummataa dhiibbaa akkami bineensota bosonarratti qaba? Faalama bishaanii Babal’achuu magaalaa Godaansaa fi du’a bineensoota Googinsa bishaanii 113 / 216 Sh 113. Tarsiimoo kunuunsa biqiltoota kan hin ta’iin kami? Hirmannaa abbooti qabeenyaa kunuunsa bqiltootarratti qaban xiqqeessuu Hawaasa waa’ee faayida fi miidhaa biqilooni qaban barsiisuu Deebisanii-bosoneessuu fi bosoneessuu Abidda bosonaa to’achuu 114 / 216 Sh 114. Qabeenya biyyee badiinsa irraa ittisuuf hawaasni Baha Afrikaa maal gochuu qaba? Agiroo-foreestarii fayyadamuu Hunduu deebii dha. Sulula hidhuun harama biyyee xiqqeessuu Daagaa ijaaruu 115 / 216 Sh 115. Hawaasni Baha Afriikaa qabeenyaa bishaanii faalamarraa ittisuuf tooftaa akkamiitti faayadamuu qaba? Xuraa’oo mana keessaa fi magaalaa bishaaniitti gadii lakkissuu dhiisuu Aaraa summaa’aa warshaaleen gad lakkisan to’achuu Imaammaata itti faayadama bishaan xiqqeessuu qopheessuu fi hojiirra oolchuu Hunduu deebii dha. 116 / 216 Sh 116. Kamitu rakkoo saffisaan dabaluu lakkoofsa ummataattin kandhufu miti? Midhaan nyataan of-danda’uu dadhabuu Hanqinaalee tajaajila hawaasummaa Humni hojjetuu baay’achuu Hoonge irra deeddebiin uumamu 117 / 216 Sh 117. Odollan Afrikaa bahaa keessaa bal’inaan guddaan isa kamii? Moorishiyees Komoroos Riyuniyeen Madaagaaskaar 118 / 216 Sh 118. Balaan uumamaa godaansi akka uumamu taasisuu isa kamii? Hongee Dhabamuu nagaa fi tasgabii Waraana Dhabamuu bulchiinsa gaarii 119 / 216 Sh 119. Qilleensi baramaan Itoophiyaa kan irra caalaa to’atamu? Dagalee lafaatiin Faca’iinsa rooba tibbanaa yookiin waqtiilee Olka'insa lafaa Dhiibbaa qilleensaa 120 / 216 Sh 120. Uumamaan sululli Qinxamaa guddaan Afrikaa bahaa kan walqabatu isa kamiinii? Dhohinsa Volkaanoo Baqaqiinsa (faulting) Dadacha’iinsa (folding) Harama biyyee 121 / 216 Sh 121. Baqqaanni qilleensa marsaa lafaa kan Ozoniin keessatti kuufamee argamu? Meesoosfeerii Tirooppoosfeerii Termoosfeerii Istiraatoosfeerii 122 / 216 Sh 122. Kanneen armaan gadii keessaa tokko waa’ee bosona roobaa ilaalchisee sirriidha Dagalee lafaa digrii 60-90 kaabaa fi kibba jidduutti argama Sanyii lubbuu qabeeyyii lafaa keessaa 50% kan ofkeessatti qabate dha Hanga roobaa 2000mm gadi argata Dhiibbaan gaaddisaa’uu naannichatti hin mul’atu 123 / 216 Sh 123. Qaamni bishaanii qilleensa baramaa Afrikaa bahaa irratti dhiibbaa xiqqaa qabu kami? Garba Atlaantikii Galaana Diimaa Garba Hindii Galaana Meediteraaniyaanii 124 / 216 Sh 124. Itoophiyaan haala kamiin qilleensa baramaa irratti dhiibbaa badaa geessisuu dandeessii? Dagaaguu warshaaleetiin Deebisanii bosonoomsuu Bosona mancaasuun (deforestation) Biyyee fi bishaan kunuunsuun 125 / 216 Sh 125. Xaa’oon nam-tolchee hafaa biqilootaa fi gataa manneen jireenyaa keessaa bahuurraa qophaa’u? Daappii Koompoostii yookiin bosbosaa Naayitireetii Yuuriyaa 126 / 216 Sh 126. Paarkiiwwan armaan gadii keessaa tokko biyya Taanzaaniyaatti argama. Isa kami? Saabaa Maastoomaaraa Serengeetii Kaabaaleegaa 127 / 216 Sh 127. Barbaachisuummaa hundeeffaamuu Paarkii Biyyoolessaakan ibsu kami? Qo’annoo geeggeessuuf Adamoo seera qabeessa gochuuf Kunuunsa naannoo uumamaaf gochuuf A fi C 128 / 216 Sh 129. Biyyoota guddachaa jiran keessatti saffisaan dabaluun lakkoofsa ummmataa dhiibbaa inni naannoo irraan gahaa jiru? Baduu sanyii lubbu-qabeeyyii Hojii dhabdummaa Guddina diinagdee xiqqeessa Walhanqachuu tajaajiloota hawaasummaa 129 / 216 Sh 130. Mul’istuu (agarsiistuu) bulchiinsa gaarii kan hin taane isa kami? Malaamaltumma Dirqama ofii bahuu Gaafatammummaa Iftoomina 130 / 216 Sh 131. Argama astiroonomii Itoophiyaa kan ta’ee isa kami? 15 o 30’ kaaba,17 o kaaba fi 23 o Bahaa,50 o Bahaa 3 o 30’ bahaa 15 o Bahaa fi 33 o Kaabaa,48 o Kaaba 15 o 30’Kibba,17 o Kibba fi 23 o Lixaa,50 o Lixaa 3 o 30’Kaaba,15 o kaaba fi 33 o Bahaa,48 o Bahaa 131 / 216 Sh 133. Afaanota armaan gadii keessaa naannoo lafaa dakee dhihaa daangaa Itoophiyaa fi Sudaanitti daangeffamee dubbatamu isa kami? Niiloo-Sahaara Afroo Eeshiyaatikii Oomitikii Kushitikii 132 / 216 Sh 134. Biyya galaanaan hin daangeffamnee fi bahoo galaanaa kallattiin hin qabne maal jedhamti? Odola peenisulaa Biyya keessa Galoo galaanaa kan hin qabne 133 / 216 Sh 135. Ardii Afiriikaa ilaalchisee dhugaa kan hin taane kami? Baayina ummata Addunyaa keessaa % 13.2 qabdi. Ardii baayi’naa ummataa daraan guddaa qabdi. Saffisa dabalata ummataa guddaa qabdi Faca’insa ummataa walfakkaataa hin taane 134 / 216 Sh 136. Hayyuuwwan armaan gadii keessaa walitti dhufeenya ummataa fi lecalloo saayinsawaa ta’e yeroo duraaf kan dhiyeesse; Toomaas maaltus Adaam Isimiz A. Toompsoon Trewarzaa 135 / 216 Sh 137. Harama biyyee Itoophiyaaf Sababni guddaa isa kami? Harama-bishaanii Harama – bubbee Cabbii siqiigatu Harama galaanaa 136 / 216 Sh 138. Qubsummaa uummata baadiyyaa ilaalchisee amala guddaa kan hin taane kami? Danaa qabatamaa hin qabu Rukkinni isaa kan magaalaa calaa xiqqoodha Tajaajila hawaasaa xiqqaa qaba Qubsumni baadiyyaa qodinsa hojii guddaa qaba 137 / 216 Sh 139. Gaanfa Afriikaa keessatti kan hin ramadamne kami? Eertiraa Somaliyaa Itoophiyaa Ugaandaa 138 / 216 Sh 140. Sululli Qiinxama guddichi Afriikaa bahaa keessatti kan hin tuqne kami? Jordaan Moozambik Somaliyaa Itoophiyaa 139 / 216 Sh 141. Laggeen armaan gadii keessaa amalan kan biraa irra adda kan ta’e kami? Baaroo Abbaay Awaash Takkaze 140 / 216 Sh 142. Rakkoo naannoo kan hin taane kami? Mukkeen dhaabuu Borqa’ina biyyee Badiinsa bineensota Manca ina bosonaa 141 / 216 Sh 143. Qilleensa baramaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa kan hin qabne kami? Dagalee lafaa Argama gadee Olka’iinsa lafaa uwwisa duummessa 142 / 216 Sh 144. Hangi baldhina bakka tokkoo kaartaa irratti xiqqaatee dhiyaatu maalin? Piroojekshinii Odeeffannoo hardaara kaartaa ISkeelii Mallattoo 143 / 216 Sh 145. Malli gaarii olka’iinsa lafaa fi danaalee lafaa kaartaa irratti agarsiisuuf fayyadamnu; Hachursi Foorm Laayinsii Fakkii fiiziyoogirafii Sararoota koonturi 144 / 216 Sh 146. Kaartaa irratti sararoonni kaabaa-kibbatti sararamanii argaman maal jedhamu Sarara kaabaa Dagalee lafaa sarara wal-tarree/dalgee Sarara bahaa 145 / 216 Sh 147. Itoophiyaa keessatti hongee xiqqeessun kan danda’amu; Qonna rooba irratti hundaa’e geggeessuu Horsiisota beeyiledotaa baballiuu Walitti fufiinsaan lafaa qotuu Biqiloota dhaabuu fi kunuunsuu 146 / 216 Sh 148. Akaakuun tooftaa geejjibaa ammayyaa fi saffisa guddaa qabu isa kami? Geejiba Baaburaa Geejiba bishaani Daandii konkolata Geejiba qilleensaa 147 / 216 Sh 149. Naannoon Afriikaa saaffisa dabalata ummataa guddaa qabu isa kami? Afriikaa Dhihaa Kibba Afriikaa Baha Afriikaa Afriikaa kaabaa 148 / 216 Sh 150. Rakkoon uumamaa qonnaa irratti dhiibbaa geessisu isa kami? Qabiyyee lafaa Seera dhaalchisuu lafaa (qabeenyaa ) Bu’aa ba’ii gatii Dheerina waqitii guddinaa 149 / 216 Sh 151. Gosa horsiise bultootaa kan hin taane kami? Masaay Bediyuun Bushmeen Fulaanii 150 / 216 Sh 152. Dirreen kiyyeessuu Qurxummii kan qarqara gara dhihaa Ameerikaa kibbaatti sadarkaa 3ffaa irrati argamu isa kami? kibba Bahaa paasifik Kaaba –baha garba Atilaantik Kaaba dhiha garba Atilaantik kaaba-dhiha Paasifiik 151 / 216 Sh 153. Imaammanni dagaagina warshaa biyya keessaa jajjabeessu fi kan warshaalee biyya alaas hirmaachisu maal jedhama? Kootaa buusuu Taarif Oomisha hirphuu/deeggeruu Daldala daangeessuu 152 / 216 Sh 154. Dachee dakeen kibba baha Itoophiyaa rooba guddaa kan argatu Birraa Ganna Afraasaa Bona 153 / 216 Sh 155. Qaamni bishaanii Gaanfa Afrikaa daangessu Galaana Meditaraaniyaanii Galaana Arabiyaa Galaana“Dea Galaana Diimaa 154 / 216 Sh 156. Gochaalee Tektoonikii irratti hundaa’ee gaarreen baay’een Afrikaa Bahaa bu’aa Dhoohinsa volkaanooti Dadacha’iinsati Sigigaachuu cabbiiti Haramaan walqixxeessuu fuula dacheeti 155 / 216 Sh 157. Laggeen baay’een Itoophiyaa fincaa’aafi darbatamaarra waan yaa’aniif _____ humna kuufamaa qabu. Madda anniisaa bishaaniif Geejjiba bishaaniif Jallisii qonnaaf Kiyyeessuuf 156 / 216 Sh 158. Waa’ee tirooppoosfeerii isa kamtu sirriidha? Baqqaana kuufama guddaa oozooniiti Baqqaana adeemsa xiqqaa qilleensa marsaa lafaati Fuula lafaarraa ol olka’iinsa 50 – 80 km irratti argama Qilleensa 75% kan qilleensa marsaa lafaa of-keessaa qaba. 157 / 216 Sh 159. Kan armaan gadii keessaa tokko gaazii “giriin haawusii” uumamaan argamu. Oksijinii Naayitiroojinii Kiloroflorokaarbanii Kaarban daayi’oksaayidii 158 / 216 Sh 160. Kaartaa teessuma fuula lafaa irratti halluu kamtu qaamman bishaanii agarsiisuuf fayyada? Diimaa Daammii Cuquliisa Magariisa 159 / 216 Sh 161. Kanneen armaan gadii keessaa kan soba ta’e kami? Iyyaafannoo fi madaalliin qaama barbaachisaa adeemsa baruu-barsiisuuti. Iyyaafannoo fi madaallii fedhii humna bulchiinsaa tajaajiluuf ni oola. Gabaasa iyyaafannoo ifaa fi gabaabaa gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Iyyaafannoo fi madaalliin garaagarummaa hin qaban. 160 / 216 Sh 162. Malli baruu-barsiisuu barattootni ofiin barachuu keessa akka galan gochuuf nu gargaaru? Mala gaaffii deebii Mala hojiitti jijjiruun barachuu Mala daawwii dirree Hunduu deebii dha 161 / 216 Sh 163. Adeemsa baruu barsiisuu keessatti fayidaan iyyaafannoo duraa? Galma gahuu adeemsa baruu barsiisuu mirkaneeffachuuf Barataan hangam akka hordofaa jirua ddabaafachuuf. Barannoo guyyaa itti aanuu karoorfannu murteessf. Sadarkaa beekumsa barataa odeenfannoo funaanuuf 162 / 216 Sh 164. Madaallii kan hin taane isa kami? Qormaata sirreessuun firii barataan argate galmeessuu Kaardii barataa irratti ‘Dabree’ ykn ‘hindabare’ jechuun barreessuu Qabxii barattootaa walitti ida’uun kan tokkoffaa bahef beekkamtii kennuu Deebiin hin kennamne 163 / 216 Sh 165. Barsiisotni barnoota hawaasaa meeshaaleen iyyaafannaaf ittifayyadaman? Daawwaanaa, cheek-liistii Gaaffii barreeffamaa fi qomaa Gabaasa poortifooliyoo, marii garee Hunduu deebii dha 164 / 216 Sh 166. Barnoota Seenaa barsiisuuf karoorfachuun maaliif barbaachisaa? Qabiyyee barannoo kennamuu duraa duuba qabsiisuuf Meeshaalee baru-barsiisuuf nu deeggaran duursanii qopheeffachuuf. Barannoo kennamu haala qabatama naannoo fi barataatin wal simsiisuuf Hunduu deebii ni taha. 165 / 216 Sh 167. Karoora barnoota Seenaa yoo qopheeffannu malli baruu barsiisuu caalaa filatamaan isa kami? Malli gaariin kan kaayyoo barannoo galmaan gahuudha. Mala marii garee, Jigsaaw, Diraamessuu, Piraamidaawaa Mala Seenessuu, Sammuu kakkaasuu, Agarsiisuu, Paanaalii Mallii daawwi dirree fi Seenessuu caalaa filatamoodha. 166 / 216 Sh 168. Barnoota Seenaa yeroo barsiisnu kan barsiisaan raawwachuu qabu isa kami? Hunduu kan barsiisaan raawwachuu qabuudha. Barachuu barataatif haala mijeessuu Naannoo barnootaa adeemsa baruu barsiisuuf mijeessuu. Barataan akka ofiin baratu gargaaruu 167 / 216 Sh 169. Kaayyoon meeshaalee deeggarsa baruu-barsiisuu gara daree barnootaa geessuu Dandeettii kaartaa ykn fakkii kaasuu qopheessichaa dinqisifachuuf Sammuu barattootaa bashannansiisuuf Barsiisaa irraa hojii hir’isuuf. Barnoota kennamu caalaa hubatamaa fi qabatamaa gochuuf 168 / 216 Sh 170. Kaayyoon barnoota hawaasaa sadarkaa tokkoffaa barachuu maalii? Barataan naannoo isaa akka hubatu, akka kunuunsuu fi dinqisiifatu gargaaruuf. Barataan yaad-hiddamoota beekkamoo tahan xiinxaluu akka danda’u gargaaruuf. Barataan dandeettii barreessuu fi dubbisuu akka dagaagfatu gargaaruuf. Barataan biyyoota addunyaa hundaa akka addaan baasee beeku gochuuf. 169 / 216 Sh 171. Malleen barsiisuu armaan gadii keessaa kan barsiisaa giddu galeeffate isa kami? Mala gaaffiif deebii Mala diraamessuu Mala Od-ibsaa Mala Jigsaaw 170 / 216 Sh 172. Karoora barnoota Seenaa yoo qopheeffannu kan irratti xiyyeeffachuu qabnu isa kami? A. Qabiyyee, kaayyoo, haala qabatama naanno kkf…. Qabiyyee barnootichaa Haala qabatama naannoo barnootaa Kaayyoo barnootichaa 171 / 216 Sh 173. Barnoota Seenaa keessatti kaayyoon Iyyaafannaa maalii? Dandeettii fi beekumsa waliigalaa barataa madaaluuf Dandeettii fi beekumsa qabiyyee barnootichaarratti barsiisichi qabu beekuuf. Qabiyyeen barnootichaa hangam akka uwwifame beekuuf. Kaayyoon barannoo galma gahuu fi gahuu dhabuu adda baafachuuf 172 / 216 Sh 174. Barnoota Seenaa keessatti madaalliin kan raawwatamu yoomii? Guyyaa jalqabaa barsiisaan gara daree barnootaa seenutti. Xumura barannoo guyyaa tokkorratti. Adeemsa baruu barsiisuu keessatti jalqabaa hanga xumuraatti. Xumura qabiyyee barnootaa irratti. 173 / 216 Sh 175. Kanneen armaan gadii keessaa ulaagaan barsiisaa barnoota Seenaa gaarii isa kami? Kan qophii gahaa godhuu fi meeshaalee deeggarsaa barbaachisootti fayyadamu Barattootaaf irratti loogii uumuu Amala barattoonni yeroo tokko agarsiisani irratti hundaa’uun murtee kan dabarsu Yeroo barbaadeetti barattoota kan madaalu. 174 / 216 Sh 176. Kanneen armaan gadii keessaa tokko malee hundi mala barachuu bu’aa qabeessa ta’edha. Barattootaaf gochawwan akka hoj-dareetti kennuu Marii barattootaa hunda hirmaachisoo raawwachuu Dandeettii dhiheessuu barattootaa jajjabeessuu Barsiisaan dubbisaafii barattoonni akka barreessan gochuu 175 / 216 Sh 177. Barsiisaan barnoota Seenaa daree barnootaa mijataa ta’e uumuu ilaalchisee kan sirrii hin taane kami? Barattoonni marii keessatti akka hirmaatan jajjabeessuu Barattoonni dhageeffachaa barreessuun akka cinqaman taasisuu dhiisuu. Barattoota muraasaaf xiyyeeffannaa kennuu. Amala sirrii hin taane kan daree keessatti mul’atan osoo barattoota biroo hin jeeqiin sirreessuu 176 / 216 Sh 178. Faayidaan karoora barannoo guyyaa qopheessuu: Dandeettii fi beekumsa barattootaa iyyaafachuuf Naamusa barattootaa to'achuuf Adeemsa baruu-barsiisuu daree keessaa hoogganuuf Ibsa gabaabaa Siilabasiirratti kennuuf 177 / 216 Sh 179. Madaalliin xumuraa kan gargaaru: Ilaalchaa fi qaam-sammuu barataa jajjabeessuuf fayyada. Barataan qabiyyee silabasii keessa kaa’ame hammam akka barate mirkaneessuuf fayyada Qabxii kennuu, dabarsuu fi ragaa kennuuf fayyada Barataan ogummicha hammam akka hubate mirkaneessuuf 178 / 216 Sh 180. Gosa gaaffiilee qormaataa armaan gadii keessaa tokko tilmaamaan deebii argachuu ni xiqqeessa? Deebii gabaabaa Filannoo Firoomsii Dhugaa-Soba 179 / 216 Sh 181. Kamtu karoora barnoota guyyaa keessatti hin hammatamu. Kaayyoo gooroo Lakkoofsa Barattoota koorniyaan Mallattoo hoogganaa Maqaa Barsiisaa 180 / 216 Sh 182. Yeroo mata duree seenaa aangootti dhufuu Tewoodros barsiiftu kaayyoo goreekee akkamitti ibsita. Barataan barnoota kana erga xumure booda; Akkamitti Tewodros aangoo akka qabate ni beeku Sababoota aangootti dhufuu Tewoodiros nihubatu Adeemsa aangootti dhufuu Tewodros waliin walbaru Sababoota aangootti dhufuu Tewodros ni ibsu 181 / 216 Sh 183. Waa’ee karoora barnootaa ilaalchisee bu’aa kan hin qabne kami? Daree Barnoota qindaa’e uumuuf gargaara Barsiisichi mala ittin barsiisuu fi qabiyyee barnoota ittin hubatan mirkaneessuu Daree barnootaa jaalatamaa fi haawwataa taasisuuf Fiixaan bahiinsa barnootichaaf wabii ta’a. 182 / 216 Sh 184. Amala iyyaafannoo walitti fufiinsaa kan hin ibsine kami? Gocha walitti fufiinsaa Adeemsa Walirraa hin cinnedha Dhuma seemisteeratti kennama Gocha guyyaa guyyaan barattootaa madaada 183 / 216 Sh 185. Dub-duubee beekumsa barataa beekuuf malli mijataan fayyadamuu qabnu kami? Oduu durii akka dubbatan gochuun Od- ibsan Hojii Jaataniin Gaaffii fi deebii 184 / 216 Sh 186. Kaayyoon oduu durii yeroo keenniinsa barnoota seenaa mali ? Barnooticha namoota beekamoo fi ta’eewwaa gurguddoo waliin walqabsiisuf Kaayyoo boriif jecha kan darbe deebisanii uumuu. Barnooticha baacoon makanii dhiyeessuu. Barnooticha ifa gochuu fi qabatamaa taasisuuf. 185 / 216 Sh 187. 88. Gaheen barsiisichaa hojii barataa to’achuu yoo ta’e mala isa kamtuu mijaatadha? Dadammaqsuu Agarsiisa Piraamidii Jaatanii 186 / 216 Sh 188. Yaada hiddama haaraafi qabiyyeewwan haaraa barsiisuuf malli baayee filatamaa ta’e; Maree Falmii Hojii manaa Od – ibsa 187 / 216 Sh 189. Adeemsa rakkoo hiikuu keessatti gochi xumuraa isa kam? Xumura yeroo kennaa Daataa furaanuu fi xinxaluu Rakkoo adda baasuu Xumura madaluu 188 / 216 Sh 190. Kanneen armaan gadii keessaa iyyaaffannoon ulaagaa irratti hundaa’e kam? Samaativii (Summative) Formativii/ formative/ Pileesimentii (placement) Diyaagnostikii (diagnostic) 189 / 216 Sh 191. Karoora barannoo keessatti kaayyoon gooree kan fayyadu Karoora barannoo semisteeraatiif Karoora barannoo waggatiif Karoora boqonnaa qopheessuf Karoora barannoo guyyatiif 190 / 216 Sh 192. Karoora barannoo guyyaa keessatti kutaa barsiisaan waan barsiise walitti qabu Cimsuu Seensa Dhiyeessii Iyyaafannaa 191 / 216 Sh 193. Iyyaafannaa barachuu barattootaa geggeessuuf gaaffileen afaanii yeroo baay’ee kan raawwatamu Xumura karoora barannoo guyyaatti Xumura karoora boqonnaatti Osoo karoorri waggaa hinxumurami Osoo karoorri boqonnaa hinxumuramin 192 / 216 Sh 194. Waa’ee dirree waraana Maayichew akka barsiisuuf yoo keessummaa daree keetti affeeerte malli fayyadamnu Mala marii garee Mala agarsiisuu Mala seenessuu Mala yaalii 193 / 216 Sh 195. Miidhaan mala baruu barsiisuu od-ibsaa Mata duree baldhaa waayitii tokkotti uwwisuu Dandeetti dhageettin hubachuu barattootaa fooyyessuu Garaagarummaa barachuu barattootaa irratti kan xiyyeeffatudha Akka barattoonni nuffan godhuu 194 / 216 Sh 196. Iyyaafannaa walittifufaan carraa inni barnoota ji’ograafii madaaluuf qabu maalinni? Dandeettii yaad-sammuufi ogummaa fooyyessa Dandeettii beekuu fooyyessa Dhugaa yaadachuu jajjabeessa Silabasii baratamu beekuu barataa mirkaneessa 195 / 216 Sh 197. Akaakuuwwan gaaffilee armaan gadii keessaa tokko tilmaama jajjabeessa Gaaffilee filannoo Gaaffilee dhugaa/sobaa Gaafilee firoomsii Gaaffilee deebii gabaabaa 196 / 216 Sh 198. Karaan hubachuu barannoo barattootaa madaaluuf baay’ee filatamaa ta’e Qormaata waliigalaa Yaalii Hojii manaa Iyyaafannaa walittifufaa 197 / 216 Sh 199. Karoora barannoo ilaalchisee hima sirrii hin ta’iin addaan baasii. Kaayyoo safaramu danda’uu qaba Barattoota fedhii addaa qaban irratti hin xiyyeeffatu Meeshaalee deeggarsa barnoota of keessatti qabata Sirna barnoota waliin deema 198 / 216 Sh 200. Barattoonni jijjiiramaa amala barbaachisaa akka horatan gochuuf karoorri barnootaa murna isa kamirraatti xiyyeeffatee qopha’uu qaba? Murna ilaalchaa Murna sochii qaam-sammuu Murna yaad-sammuu Hunduma 199 / 216 Sh 201. Barsiisaa barnoota Ji’oogiraafii barsiisuuf barbaachisummaan karoora barnoota maali? Barsiisan yeroo dheeraa fi bal’a hojiirratti akka dabarsuuf Fedhii hoggantoota mana barumsichaa guutuuf Deebiin hin kennamne Waan baratamu murteessuu 200 / 216 Sh 202. Faayidaan si’aayinaan barachuu barnoota Ji’oogiraafii barattootaf qabu maalii? Dandeetti rakkoo furuu guddifatu Ilaacha gaarii naannoo isaaniif qabaatu Beekumsa haaraa ofii isaaniin argatu Hunduma 201 / 216 Sh 203. Barnoota ji’oogiraafii keessatti meeshalee deeggarsaa barnootaa faayadamuun basiisuun maaliif barbaachisa? Adeemsa baruu barsiisuu hiramaachisa taasiisuuf Rakkoo jireenya qabatama kessatti mudatu hiikuuf danddeetii gabbifatu. Walitti dhuufeenya maatii fi mana barumsa cimsa A fi B 202 / 216 Sh 204. Barsiisaan banoota ji’oogiraafii barsiisu tokko kan irratti fulleeffachu hin malee isa kami? Bu’aa barnoota Garaagarummaa fedhii barattootaa Malleen baruu barsiisu fedhii addaa ilaalcha keessa galchu. Wayitii barnoota gubuu dhiisuu 203 / 216 Sh 205. Iyyaafaannoo ilaalchiisee kan dhugaa hin taane kami? Tooftaan isaa qabiyyee bornoota hundaaf walfakkataa dha. Qaama baruu barsiisuu ti. Miira waldorggoomii barattoota giddutti uumu dha. Cimna fi laafina barsiisaa fi barataa xinxiluun fooyyeesuuf gargara. 204 / 216 Sh 206. Kaayyoon iyyafaannoo Ji’oogiraafii inni ijoo ta’e isa kami? Cimna hojii barsiisa jajjabeessuuf. Barattoota dabarsuu ykn kuufsuuf Dandeettii barachuu barattoota fooyyeessuu dha. Dandeetti barsiisummaa barsiisa fooyyeessuuf 205 / 216 Sh 207. Daawwii dirree Ji’oogiraafii keessatti kan daawwatamu: Kattaa qofa Biqiloota qofa Qubsuma ummataa qofa Haallan fiizikaalaa fi nam-tolchee 206 / 216 Sh 208. Malli baruu-barsiisuu barattoota daree barnootaa keessatti caalaatti si’aayinnaan akka hirmaatan taasisu kami? Mala od-ibsa Mala hojjetanii agarsiisuun barsiisuu (demonstration Mala gaaffii fi deedii Mala itti himuu 207 / 216 Sh 209. Meeshaalee deeggarsa barnootaa haala sirna yaa’a laggeenii Itoophiyaa agarsiisuuf kaan caalaa filatamaan isa kami? Kaartaa teessuma lafaa Itoophiyaa Giloobii Kaartaa siyaasaa Itoophiyaa Waraqaa teessuma lafaa agarsiisuu (toposheet) 208 / 216 Sh 210. Sirni Odeeffannoo Ji’oogiraafawaa (GIS) mala dijitaalawaa maal hojjechuuf fayyadudha? Giloobii Kaartaa Odeeffannoo haala naannoo funaanuu (surveying Moodeloota 209 / 216 Sh 211. Qabiyyee barnoota hanga tokko GIS kaayyoo saayikoo motar fayyadamuu barsiisudhaaf tooftaan kenniinsa baranootaa kanan walsimu kami? Odibsa Daawwanna Dirree Mariidhan Agarsiisaan barsiisuu 210 / 216 Sh 212. Waa’ee karoora barnootaa ilaalchisee bu’aa kan hin qabne kami? Daree Barnoota qindaa’e uumuuf gargaara Barsiisichi mala ittin barsiisuu fi qabiyyee barnoota ittin hubatan mirkaneessuu Daree barnootaa jaalatamaa fi haawwataa taasisuuf Fiixaan bahiinsa barnootichaaf wabii ta’a. 211 / 216 Sh 213. Amala iyyaafannoo walitti fufiinsaa kan hin ibsine kami? Gocha walitti fufiinsaa Adeemsa Walirraa hin cinnedha Dhuma seemisteeratti kennama Gocha guyyaa guyyaan barattootaa madaada 212 / 216 Sh 214. Mala raawwannaa keessatti tooftaa kenniinsa barnootaa kan aadaa bu’ureffate; Seeraa fi dambii hawaasicha Bareedina naannoo Sirna gaddaa fi awwalchaa Siidawwan 213 / 216 Sh 215. Teekiniikii jijjiirramaa ilaalchisee madaluuf daran gad-aanaa kan ta’e; Haala barattootaa galmeessu Gaaffii qomee Daawwana Battallee 214 / 216 Sh 216. Barnoota saayinsii hawaasaa barsiisuf meeshaalee agarree-dhagayeetti kan hin taane; Raadiyoo Giloobii TV Teeppii 215 / 216 Sh 217. Qabiyyee barnootaa qindeessuu keessatti hariiroon xiqqaa irraa gara guddaatti jiru maal agarsiisa? Hariiroo barnootichaa kutaa gadii irraa hanga oliitti Hariiroo barnoota tokkoo fi kan biro kutaa sana keessatti Hariiroo qindeessuu qabiyyee salphaa irraa gara wal xaxaatti Deebii hinqabu 216 / 216 Sh 218. kaartaa fayyadamuun faca’iinsa wantoota ji’ografawaa ta’e barsiisuuf tooftaan bu’a qabeessa ta’e isa kami ? Obibsa Jaatanii Daawwannaa dirree Agarsiisaa itti himuu Your score isThe average score is 0% LinkedIn Facebook VKontakte 0% Restart quiz Modeela COC Bara 2012 Muummee Saayinsii HawaasaafDownload Share this