Modeela COC Bara 2012 Muummee BLAGf Leave a Comment / COC Models / By admin Take COC Model Exam Online 0 Created on September 07, 2020 By admin Modeela COC Bara 2012 Muummee BLAGf Modeela COC Bara 2012 Muummee BLAGf 1 / 200 Civ 1. Dimokiraasii ilaalchiisee kan sirri ta’e kami? Bifa bulchiinsaa waliigaltee uummataa bilisa ta’een gaggeeffamuudha Sirna bulchiinsaa aangoon ol’aanaa kan uummataa ta’e dha Bulchiinsaa hoggantoonni fedhii uummataaf itti gaafatamummaa fudhatanidha. Hunduu deebii dha 2 / 200 Civ 2. Kanneen armaan gadii keessa pirinsipilii dimokiraasii kan hin taane kami? Ol’aantummaa seeraa Sirna paartii tokkoo Hirmaannaa Uummataa Hordooffii fi Sirreeffama 3 / 200 Civ 3. Mirga dimokiraasii mirga namummaa irraa maaltuu adda godha? Mirgi dimokiraasii kan hin mulqamnee dha Mirgi dimokiraasii mootummaan kan kennamuu miti Mirgi dimokiraasii nama lammii ta’eef kan kennamuu dha Mirgi dimokiraasii kan hin jijjiramnee dha 4 / 200 Civ 4. Biyya tokko keessatti bulchiinsi gaariin akka jiraatu maaltu barbaachisaa? Seektera dinagdee dhuunfaa Bulchiinsa Hawaasaa Siivilii Hunduu deebii dha 5 / 200 Civ 5. Biyya tokko keessatti bulchiinsi gaariin jira kan jechisiisuu: Gaaffii ummataaf deebii kennuun yoo jiraate, Ittigaafatamummaan yoo jiraate, Hirmaachisummaan yoo jiraate Hunduu deebii dha 6 / 200 Civ 6. Kanneen armaan gadii keessaa mirga siyaasaa kan ta’e kami? Tajaajila fayyaa, barnootaa fi bilbila argachuu Mirga odeeffannoo gahaa ta’e argachuu Mirga qabeenyaa horachuu Hunduu deebii dha 7 / 200 Civ 7. Waldanda’uun baay’inummaa(hedduminaa) yoo jiraate: Sirna dimokiraasii ni cimsa Nageenyi akka jiraatu ni gargaara Ijaarsa hawaasa Siivilii ni ariifachiisa Hunduu deebii dha 8 / 200 Civ 8. Biyya tokko keessatti bulchiinsi gaariin yoo jiraate olaantummaan seera bifa kamin ibsama? Seerri loogii malee hojirra oola Mirgi namummaa ni kabajama Manni murtii malaanmaltummaa irraa walaba ta’e jiraata Hunduu deebii dha 9 / 200 Civ 9. Ol’aantummaan seeraa yoo mirkanaa’ee bu’aan gama hawaasummaatiin argamuu danda’u kami? Lammiilee jiddutti jaalalaa fi walkabajuutu jiraata Aadaa hojii cimaa ijaaruun ni danda’ama Seerri dhugaa irratti hundaa’e hojirra oola Baajanni guddaan misoomaaf ooluu danda’a 10 / 200 Civ 10. Biyya kamiyyuu keessatti madda seeraa fi qajeelchaa seerotaa kan ta’e kami? Seera addunyaaleessaa Hawaasa Heera Seera biyyooleesaa 11 / 200 Civ 11. .Seerri biyya tokkoo dimokiraatawaadha kan jedhamu: Haqummaa yoo qabaate Hoordofuuf salphaa yoo ta’e Kaayyoo ifa ta’e yoo qabaate Hunduu deebii dha 12 / 200 Civ 12. Sirna dimokiraatawaa ta’e keessatti heerri maaliif barbaachisa? Fedhii mootummaa guutuuf Dirqama lammiilee qofa ibsuuf Aangoo mootummaa daangeessuuf Hunduu deebii dha 13 / 200 Civ 13. .Malaanmaltummaan karaa siyaasaatiin miidhaa akkamii fiduu danda’a? Hojiirraa oolmaa dimokiraasii fi ol’aantummaa seera qancarsa Babaldhachuu hoji dhabdummaa fi hiyyummaa fida Miirri waliin hojjachuu hawaasaa ni laafa Qisaasa’a qabeenyaa, qaala’uu gatii nyaataa fi meeshaa fida 14 / 200 Civ 14. Itoophiyaan maaliif malaanmaltummaa irratti duultee? Hiyyummaa balleessuuf Biyya birootti akka hin babal’anneef Ol’aantummaa seera mirkanneesuuf Hunduu deebii dha 15 / 200 Civ 15. .Walqixxummaa jechuun: Haala qabatamaa ta’een mirga (faayida) walfakkaatu qabaachuu Haala qabatamaa ta’een eegumsa seera walfakkatu qabaachuu Haala qabatamaa ta’een dirqama walfakkaatu qabachuu Hunduu deebii dha. 16 / 200 Civ 16. Walqixxummaan maaliif barbaachisaa? Hawaasaa fi mootummaa jiddutti hariiroo gaarii uumuuf Tajaajili hawaasummaa akka guddatuu waan godhuuf Bulchiinsaa gaarii ijaaruuf Hunduu deebii dha 17 / 200 Civ 17. Walqixxummaa koornayaan barnnoota irratti jiru kan hin mul’isne kami? Carraa barnootaa walqixa qabaachuu Itti faayadama bu’aa barnootaa walqixa gonfachuu Carraa adeemsa barachuu keessatti hirmaannaa adda addaa qabaachuu Hundi deebii dha 18 / 200 Civ 18. Akka Heera MFDR Itoophiyaatti mirgi hiree ofii ofiin murteessuu Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattootaa ilaachisee kan armaan gadii keessaa tokko mirga kenname miti. Mirga dhimma saboota ollaa irratti murtii kennuu Mirga afaan ofii dubbachuu fi guddisuu Mirga seenaa ofii eeguu fi aadaa ofi guddisuu Mirga ofiin of bulchuu 19 / 200 Civ 19. Kanneen armaan gadii keessaa kaayyoo waldaa dubartootaa kan ta’e kami? Siyaasa keessatti olaantummaa dhiiraa, olaantummaa dubartootaan bakka buusuuf Fedhii hooggantoota gama dinagdeefi siyaasaatiin jiru guutuuf Walqixxummaa koornayaa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaatiin fiduuf Hunduu deebii dha 20 / 200 Civ 20. Akka heera MFDR Itoophiyaati walqixxummaa amanti ilaalchisee kan sirri ta’e kami? Namni kamiyyuu amantii barbaade hordoofuuf mirga qaba Amantii isaa dhuunfaan ykn namoota biroo wajjiin waqeefachuuf mirga qaba Namni kamiyyuu amantii isaa barsiisuuf mirga qaba Hunduu deebii dha. 21 / 200 Civ 21. Haqummaa ilaalchisee kan sirri hin taane kami? Namoota haala walfakkaatuun keessummeessuu. Namoota fedhii adda addaa qaban haala walfakkaatuun keessummeessuu Mirgaa fi dirqama jiru walqixa qooddachuu. Deebii hin qabu 22 / 200 Civ 22. .Akaakuu haqummaa keessaa yeroo baay’ee mana murtii keessatti hojiirra kan ooluu kami? Haqummaa Seera Haqummaa faayidaa fi gahee waliif qooduu Haqummaa Sirreessaa Hunduu deebiidha 23 / 200 Civ 23. Akka Heera MFDR Itoophiyaatti namni yakkaan shakkame tokko yoo to’annoo seeraa jala oolu mirga armaan gadii keessaa kam qaba? Maaliif akka barbaadamee afaan beekuun itti himamuu qaba Yakka shakkameef dirqamaan akka amanuu hin taasifamu. Namni yakkaan shakkame tokko mirga callisuu ni qaba Hunduu deebiidha. 24 / 200 Civ 24. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu amala gaarummaa lammii tokkoo agarsiisa? Namaaf kabaja qaabaachuu Namoota rakkoo qabaniif gargaarsa taasisuu Naannoo ofii kunuunsuu Hundi deebiidha 25 / 200 Civ 25. Haqummaa faayidaa fi gahee waliif qooduu “distributive justice” ilaalchisee kan sirri hin taane kami? Lammiin hundi tajaajila hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa bifa walmadaaluun argachuu qabu Lammiin hundi ittigaafatamummaa bifa walqixa ta’een qooddachuu qabu Lammiileen fedhii fi muuxannoo adda addaa qaban bifa walfakkaatuun keessummeeffamuu qabu Lammiilee sadarkaa fi dandeettii walfakkaatu qaban carraa walfakkaatu argachuu qabu 26 / 200 Civ 26. Bilisummaan mana murtii maaliif barbaachisaa? Seera yakkaa mootummaa naannoolee qopheessuuf Dhiibbaa tokko malee murtii haqaa kennuuf Yeroo barbadan irratti murtii kennuuf Haala itti fayyadama aangoo qaamoolee biroo to’achuuf 27 / 200 Civ 27. Sirna dimokiraasii keessatti haqummaa mirkanneessuun gahee eenyuuti? Mootummaa Lammiilee hundaa Mana murtii Hunduu deebii dha 28 / 200 Civ 28. Kanneen armaan gadii keessaa gahee mana murtii kan ta’e kami? Prinsiploota dimokiraasii kunuunsuu Seera hiiku Heera eeguu Hunduu deebii dha 29 / 200 Civ 29. Akka hiika ammayyaatti jaalala biyyaa ilaalchisee kan sirri hin taane kami? Sirna dimokiraasii dagaagsuuf hojjachuu(qabsaa’uu) Laggeen, bosonaa fi qabeenyaa uumamaa leellisuu fi faarsuu Seeraaf bitamuu (abboomuu) Deebii hin qabu 30 / 200 Civ 30. Muldhistoota jaalala biyya kan ta’e kami? Dirqama heeraa guutuu Dammaqinaan hirmaachuu Nageenyaa biyyaa eeguu Hunduu deebii dha 31 / 200 Civ 31. Namni biyya isaa jaallatu: Qabeenyaa biyyaa dhuunfaan fayyadamuun of guddisa Mirga namoota biroo kabajuu Birmadummaa biyya biroo hin kabajuu Hunduu deebii dha 32 / 200 Civ 32. Kanneen armaan gadii keessa hundee jaalala biyyaa kan ta’e kami? Walqixxummaa Waldanda’uu Amanamummaa Hunduu deebiidha 33 / 200 Civ 33. Kanneen armaan gadii keessaa tokko jaalala biyyaa kan ibsu miti. Oomisha biyya alaa fayyadamuun biyya ofii guddisuu Oomisha biyyaatti namoonni biroo akka itti fayyadaman jajjabeessuu Oomisha fi oomishtummaa biyyaa guddisuuf cimani hojjachuu Tajaajila biyya ofitti fayyadamuu 34 / 200 Civ 34. Namni tokko jaalala biyyaa eessa irraa argachuu danda’a? Maatii Hawaasa Mana barnootaa Hunduu deebii dha 35 / 200 Civ 35. Jaalala biyyaa nama dhuunfaan ibsamu kan hin taane kami? Fedhii ofii caalaa biyyaaf dursa kennuu Fedhii hawaasaa caalaa fedhii ofiif dursa kennuu Kabaja biyyaa fi hawaasa biyyaatiif kennuu Deebii hin qabu 36 / 200 Civ 36. Kanneen armaan gadii keessaa madda goolii uumtummaa kan ta’e kami? Humnaa ol of-jaallachuu Dhiphummaa Of-jibbuu Hunduu deebiidha 37 / 200 Civ 37. Ittigaafatamummaa jechuun: Miira gaafatamummaa Ajaja hojiirra oolchuu Dirqama bahuu Hunduu deebiidha 38 / 200 Civ 38. Kanneen armaan gadii keessaa madda ittigaafatamummaa kan ta’e kami? Waadaa Seera Lammummaa Hunduu deebiidha 39 / 200 Civ 39. Ittigaafatamummaa dhuunfaa kan hin taane kami? Yeroo barbaadaman hogganuuf qophaawuu Maatii ofii deeggeruu, guddisuu, barsiisuu Fedhii fi mirga namoota biroof yaadu Gocha raawwatameef itti gaafatamummaa fudhachuuf qophaawuu 40 / 200 Civ 40. Itti gaafatamummaa bahuu irraa bu’aan argamu danda’u: Of-danda’u Of-kabaju Fudhatama argachuu Hunduu deebiidha 41 / 200 Civ 41. Itti gaafatamummaa nama tokko kan madaalamuu danda’u: Hariiroo hawaasa keessatti qabu irraa ka’uudhaan Sadarkaa hawaasummaa qabu irra ka’uudhaan Sadarkaa barnoota isaa irra ka’uudhaan Hunduu deeb dha. 42 / 200 Civ 42. Yeroo balaan adda addaa biyyaa fi uummata mudatu lammiileen itti gaafatamummaa kam bahuu qabu? Itti gaafatamummaa lammummaa Itti gaafatamummaa namummaa Itti gaafatamummaa siyaasaa Hunduu deebiidha 43 / 200 Civ 43. Itti gaafatamummaa lammiilee kan hin ta’ane kami? Heeraa fi seera kabajuu fi kabachiisuu Qabeenya uumamaa karaa qaama birootiin akka eegamu gochuu Tumaataalee fi duudhaa heeraaf amanamoo ta’uu Yeroo balaan (rakkinni) adda addaa biyya mudatu deebii kennuu 44 / 200 Civ 44. Hojii jechuun: Gocha bu’aa qabeessa waan faayidaa qabu uumuu danda’uudha Gocha dhalli namaa jireenyaa isaa fooyyeeffachuuf tattaffii taasisuudha Gocha dhalli namaa dinagdee uumuuf carraaqqii taasisuu dha Hunduu deebii dha 45 / 200 Civ 45. Kanneen armaan gadii keessaa duudhaa hojii tarkaanfachiisoo kan hin taane kami? Hojii kamiifuu kabajaa kennuu dhabuu Nama hojjatuuf kabaja kennuu Hirkatummaa jibbuu Deebii hin qabu 46 / 200 Civ 46. Kanneen armaan gadii keessaa faayidaa hojii kan ta’e kami? Meeshaa guddina biyyaati Ofitti amanamummaa jajjabeessa Fedhi jireenyaa dhala namaa guuta Hunduu deebiidha 47 / 200 Civ 47. Qulqullina hojiirratti dhiibbaa kan fiduu danda’u kami? Haala diinagdee Haala siyaasaa Haala aadaa Hunduu deebiidha 48 / 200 Civ 48. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu sirrii walitti firoome? Fifinnee – Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa – Bulchiinsa Magaalaa irredawaa – Bulchiinsa Magaalaa Itoophiyaa – Mootummaa tokkummaawaa 49 / 200 Civ 49. Kanneen armaan gadii keessaa Imaammata Alaa Itoophiyaatiif bu’uura kan ta’e kami? Biyyoota biroo waliin karaa nagaatiin waliin jiraachuu Birmadummaa waliinii fi nageenya biyyoota birootiif faallaa ta’uu Dhiimma qaamolee biroo keessa galuu Fedhii biyyoota birootiif dhimma dhabuu 50 / 200 Civ 50. Murtoon dhiibbaa kamiiyyuu kan qaama seera tumuu fi seera raawwachiisu irraa walaba ta’e mana murtiitiin ni kennama. Kan armaan gadii keessaa kamtu hima armaan olii guduunfaa? Aangoo olaanaan qaama seera hiiktuu harka jira Seerri aangoo mana murtii daangessu hin jiru Mana murtiitii olitti aangoon biraa hin jiru Gochaalee bulchiinsaa irratti seerri aangoo olaanaa qaba 51 / 200 Civ 51. Heerri seera bu’uuraa biyyaa kan seerotaa fi qajeelfamoota hundaa ol ta’e yoo ta’u, heeraan buluun yaada maal jedhu waliin walqabataa? Heera barreeffame Olaantummaa bulchiinsaa mirkaneessuu Olaantummaa seeraatiif dhaabbachuu Fedhii garee muraasaa eeguu 52 / 200 Civ 52. Namni tokko dhaabbata keessatti loogii namootaan irra gaheen hiriyyaan dhihoo jijjiirraadhaaf haala mijeesseef haa jennu. Akaakuun malaammaltummaa nama kanaan raawwatame: Aangootti seeraan ala fayyadamuu Looguu Dogoggorsuu Kiraasassaabdummaa 53 / 200 Civ 53. Heerri MFDRI tokkoon tokkoon saboota,sablammoota fi ummattoota biyyattiitiif mirga afaan ofiitiin dubbachuu,barreessuu fi afaanii fi aad aa ofii dagaagfachuu kenneera. Mirgoota afaaniiti Mirgoota siyaasaati Mirgoota dinagdeeti Mirgoota amantiiti 54 / 200 Civ 54. Kanneen armaan gadii keessaa manni barumsaa barattoota qaama miidhamtoota ta’an gargaaruuf maal irratti xiyyeeffata? Adda qooduu Gargaarsa kennuu Kabajaa fi beekkamtii walqixaa Walqixa keessummeessuu dhiisuu 55 / 200 Civ 55. Yeroo namni tokko amantii isaa/ ishee nama biraa irratti fe’uuf yaalu/tu haalli ni uumama jedhamee eegamu: Waliin jireenyaa fi jaalala Garagar bahiinsa mootummaa fi amantii Walitti bu’iinsa garee amantii Walqixxummaa amantii 56 / 200 Civ 56. Kanneen armaan gadii keessaa kan irra caalaa lammiileen walqixa tajaajila hawaasummaa fi hirmaannaa taasisuu qabu jedhu kami? Walqixxummaa koornayaa Walqixxummaa siyaasaa Walqixxummaa amantii Walqixxummaa hawaasummaa 57 / 200 Civ 57. Kabajni aadaa saboota,sab-lammootaa fi ummattoota Itoophiyaa tumaataaleekam ibsa? Tokkummaa garaagarummaa keessatti Walcaalmaa aadaa Loogii sabummaa Walitti bu’iinsa hammeessuu 58 / 200 Civ 58. Kanneen armaan gadii keessaa uummatni aangoo seeraan alaatiin akka hin miidhamneef kan dhoowwu: Siivil koodii Seera Yakkaa Imaammata Labsii 59 / 200 Civ 59. Dhaabbilee hedduun Itoophiyaa keessatti gochaalee hooggantootaa kan haqummaa hin qabne heddu qeequ.Yaadni hima armaan olii kana ibsu kami? Seera dhabeessummaa Butii Jeequmsa Bulchiinsa gaariin dhabamuu 60 / 200 Civ 60. Kanneen armaan gadii keessaa barbaachisummaa gibiraa irratti barattoonni daree keessatti hubannoo gahaa akka argatan jajjabeessuuf kan oolu kami? Gibiraa fi bu’aa inni guddinaaf qabu Ba’aa gibirri abbootii qabeenyaa irra buusuu Gibira akka hin kaffalle dhoorkuu Gibiraa fi dhiibbaa negatiivaa misooma irratti qabu 61 / 200 Civ 61. Barsiisaan Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii barattoonni akka hubannoo dhimma haqummaa fi sirna haqaa akkasumas haqa eeguu keessatti gahee lammummaa bahuu qaban maal akka ta’e gargaaruu qaba.Kanneen armaan gadii keessaa barsiisaan BLAG kan irratti xiyyeeffachuu qabu kami? Hirmaannaa sirna haqaa keessatti gahee barattootaa madaaluu Ilaalcha barattootaa gama haqummaan jiru jijjiiruu keessatti bu’a qabeessummaa barannoo jiru madaaluu Gahee lammiilee gama sirna haqaa eeguu keessatti qaban barattoonni akka sakatta’an naannoo isaanii irratti ramaduu Hundi deebiidha 62 / 200 Civ 62. Barsiisaan BLAG kutaa 6ffaa barattoonni adeemsa muudama abbootii seeraa Itoophiyaa akka agarsiisan ajaje haa jennu. Kanneen armaan gadii keessaa muudama abbootii seeraaf kan ulaagaa ta’u kami? Muuxannoo siyaasaa Ogummaa seeraa Sabummaa Dinagdee 63 / 200 Civ 63. Namni dhuunfaa kan sodaa tokkummaa biyya isaa irratti jiru hubachuun yaada furmaata ta’uu danda’u kaa’u: Sabboonaa Lammii jaalala biyyaa qabu Gootummaa Of jaalachuu 64 / 200 Civ 64. Yeroo tokko tokko ogeeyyiin icciitii maamila isaanii cabsuuf dirqamuu danda’u. Dirqamni akkanaa: Dirqama safuu maamilaa eeguu Dirqama seeraa maamilaa eeguu Dirqama ogummaa maamila waliin walqabate Dirqama dorgommii maamilaa fi ummata waliin walqabate 65 / 200 Civ 65. . “Hojiin foonii fi dhiiga dhala namaati.” Sababni barbaachisaan hojjechuu yaadni kun agarsiisu: Gammachuu Gahumsa qaamaa Ittiin jiraachuuf Aadaa 66 / 200 Civ 66. Kanneen armaan gadii keessaa kan tooftaa of danda’uu ta’e kami? Aadaa Gargaarsa Qisaasuu Hojii uumuu 67 / 200 Civ 67. Obbo Tolasaan nama sibiila tumuudhaan of jiraachisuudha. Ijoollee lama kan mana barumsaatti ergu qaba. Haa ta’u malee, ijoolleen isaa tuffatamuu irraa kan ka’e barnoota isaanii irratti rakkoon isaan qunnameera.Baay’ee da llanuun mana barnootaa deemuu didaa jiru. Maddi rakkoo kanaa maali? Loogii sabummaa Ilaalcha duubatti hafaa hojii sibiila tumuu irratti jiru Hanqina gahumsaa Rakkoo naamusaa 68 / 200 Civ 68. Kanneen armaan gadii keessaa mirga walqixxummaa hojii fi kaffaltii dubartootaa kan ibsu kami? Mirga qabeenyaa Mirga haqummaa argachuu Mirga hojii Mirga filannoo 69 / 200 Civ 69. Namni tokko of danda’aa ta’uu fi hirkattummaa irraa bilisa ta’uuf fedhii olaanaa qaba haa jennu. Yaadni hima armaan olii kana faallessu kami? Bu’aan rakkoo tokkoo guutummatti dhiibbaa alaati jedhanii amanuu Dandeettii galma lafa kaa’uu,karoorsuu fi gochaalee kallattii qabsiisuu qabaachuu Dhugummaa waan tokkoo eeguu Namni tokko tattaaffii fi dandeettii dhuunfaa qabaachuu amanuu 70 / 200 Civ 70. Hawwiin nama dandeettii hawaasummaa fi barattuu gahumsa qabdu akka taatetti of ilaalti. Ilaalcha ishee kana dagaagfachuu keessatti barsiisaa fi hiriyoonni ishee gahee qabu. Amala of danda’ummaa isheen dagaagfatte adda baasi. Ofiin of qajeelchuu Ofitti amanuu Of beekuu Of hubannoo 71 / 200 Civ 71. Qabxiin Ati barnoota herregaa irratti galmeessite sadarkaa eegdee gadi waan ta’eef barnoota kana haala gaarii ta’een qo’achuuf karoorfatte haa jennu. Haala kanaan miira akkamii dagaagfattee? Ofitti boonuu Ofiin of qajeelchuu Of hubachuu Ofitti amanuu 72 / 200 Civ 72. Walfakkaachuu,ejjannoo dhabuu, dhibaa’ummaa fi miirawaan amala namummaa akkamii agarsiisu? Of danda’uu Hirkattummaa Hirkattummaa irraa bilisa Misooma 73 / 200 Civ 73. Kanneen armaan gadii keessaa dhiibbaan biyyoota gara aadaa ofiin ofdanda’ummaatti geessu kami? Rakkoowwan jiran furuuf humnoota alaatti amanuu Gargaarsatti amanuu fi pirojektiin guddinaa dhabamuu Aadaa gargaarsa irraa gara guddina walitti fufaa ta’etti ce’uu dagaagfachuu Hoggansa gahumsa hin qabnee fi arjooma qindoomina hin qabne 74 / 200 Civ 74. Qabeenya qabnu keessaa fedhii gara fuula duraatiif jechuun hamma ta’e kaa’uun maal jedhama? Investimantii Galii Bajata Qusannaa 75 / 200 Civ 75. Obbo Mootiin intala isaa heerumsiifachuuf baasii guddaa ta’e baase. Cidha booda kasaaraa keessa galee jira. Maddi kasaaraa isaa inni guddaan maal ta’uu danda’aa? Seera amantaa Qisaasina Hanqina karoora maatii Galii fi itti fayyadamni walmadaaluu dhiisuu 76 / 200 Civ 76. . Kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhaabbata aadaa Afoosha ilaalchisee sirriidha? Dhaabbata bu’a qabeessa ta’edha. Dhaabbata aadawaakan walitti bu’iinsa furuuf fayyaduudha. Dhaabbata bu’aa irratti hin xiyyeeffanne kan yeroo rakkootiif gargaarudha Dhaabbata faayinaansii ammayyaati. 77 / 200 Civ 77. Kanneen armaan gadii keessaa hariiroo sababaa fi bu’aa hiyyummaa ilaalchisee kan dhugaa ta’e kami? Galii guddaa —> qusannaa xiqqaa —> investimantii xiqqaa —> oomishtummaa dabala Galii xiqqaa —> qusannaa guddaa —> investimantii guddaa —> oomishtummaa hir’isa Galii guddaa —> qusannaa guddaa —> investimantii guddaa —> oomishtummaa dabala Galii xiqqaa —> qusannaa xiqqaa —> investimantii xiqqaa —> oomishtummaa hir’isa 78 / 200 Civ 78. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu gartuu hawaasaa miti? Walirratti hirkachuu Naannoo walfakkaataa ta’erra kan qubatan Fedhii waliinii qooddachuu Qofummaa 79 / 200 Civ 79. Hirmaannaawwan armaan gadii keessaa kan sadarkaa mana barumsaatti mul’atu kami? Walgahiiwwan siyaasaa irratti hirmaachuu Sirna barnootaa bocuu fi fooyyessuu Of beeksisuu fi filachuu Dhimma hawaasaa beekuu 80 / 200 Civ 80. Rakkoon filannoon bilisaa fi haqa qabeessa ta’e akka hin gaggeeffamne taasisu kan uumamuu danda’u: Kan hunda hammate ta’uu isaati Baay’inummaa Falmiin siyaasaa banaa ta’e dhibuu Filannoo dursa darbaa 81 / 200 Civ 81. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu beekumsa ibsa? Rakkoo jiru furuu Saaxilamummaa hiyyummaa dabaluu Babaldhina kalaqaa hir’isuu Sadarkaa jireenyaa fooyyessuu keessatti gahee hin qabu. 82 / 200 Civ 82. Kanneen armaan gadii keessaa yaada odeeffannoo waliin hariiroo kan qabu kami? Dhugaa dheedhii kan hin qaacceffamnedha Madda beekumsaati Daataa hiikni itti hin kennamneefi guutummaatti hiika hin qabnedha. Odeeffannoon hariiroo hawaasaa keessatti gahee xiqqaa qaba. 83 / 200 Civ 83. . Itoophiyaan baha Afrikaatti argamti. Kun kan ibsu: Beekumsa Dhugaa Odeeffannoo Hayyummaa 84 / 200 Civ 84. Filannoowwan armaan gadii keessaa isa kamtu adda? Mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu Mirga mormuu yookiin deeggaruu Mirga filannoo keessatti hirmaachuu Mirga seeraan ala himatamuu dhiisuu 85 / 200 Civ 85. Heera dimookirasii keessatti aangoo siyaasaa olaanaa kan qabu ummata.Kun kan agarsiisu qajeelfama; Birmadummaa ummataa Walqixxummaa ummataa Dhabamuu mirga garee xiqqaa Hirmaannaa ummataa 86 / 200 Civ 86. Itoophiyaa keessatti ijaarsa nageenyaa fi walitti dhufeenya nageenya irrat ti hundaa`e fiduuf, wantoonni armaan gadii hundi guutamuu qabu. Garuu tokko miti: Qabeenya bifa sirrii ta’een qoqqooddachuu Garaagarummaa dhabamsiisuu Mootummaan dhimmootasasalphaa jireenya dhuunfaa keessa seenuu dhiisuu Garee xiqqaa deeggaruu 87 / 200 Civ 87. Heerri bu’uuraa fi seera olaanaa biyya tokkooti. Himni kun kan ibsu? Namni kamiyyuu seera jalatti buluu fi seera kabajuu hin barbaachisu. Seeraa fi gochi heera biyyaatiin walitti bu’u fudhatama hinqabu Heerri seera dhaabbataadha Heeraa fi seerri of danda’ee addatti kan dhaabbatedha 88 / 200 Civ 88. .Kanneen armaan gadii keessaa tokko pirinsipilii bu’uura Heera MFDRI jalatti hin hammatamu? Olaantummaa seeraa Birmadummaa ummataa Addaan bahinsa mootummaa fi amantii Ittigaafatamummaa fi Iftoomina 89 / 200 Civ 89. Dhabamuun olaantummaa seeraa biyya keessatti rakkoo inni fidu. Dhabamuu walqixxumma Dhabamuu haqummaa Bulchiinsa garee guddaa ‘C’ malee hunduu deebiidha 90 / 200 Civ 90. Haala qabatamaa Itoophiyaatiin barbaachisummaan qoodaminsa aangoo mootummaa federaalaa fi naannolee maali? Sirna dimookirasii guddisuu fi bulchiinsa gaarii dagaagsuuf Garaagarummaa keessummeessuu fi walqixxummaa fiduuf Mirga ofiin ofbulchuu naannolee waan kabachiisuuf. Hundi deebiidha 91 / 200 Civ 91. Akkuma beekamu yeroo ammaa, biyya keenya Itoophiyaa keessatti malaamaltummaan rakkoo hammataadha. Akka yaada keet itti sababa rakkoo kanaa kan ta’e maal ta’uu danda’a? Hiyyummaa Angoo seeraan ala fayyadamuu Dhabamuu ittigaafatamummaafi iftoominaa Hunduu deebiidha 92 / 200 Civ 92. Akka heera MFDRItti keeyyata kamtu lammileen mirga walqixxummaa seera duratti qaban agarsiisa? Keeyy 25 Keeyy 35 Keeyy 50 Keeyy 39 93 / 200 Civ 93. Kanneen armaan gadii keessaa tokko walqixxummaan sabootaa, sablammootaafi ummaattoota Itoophiyaa akka dagaagu kan deeggaru miti? Ofiin of bulchuu Guddina dinagdee sirriifi walmadaalaa ta`e Bu’uuraalee misoomaa bifa walmadaaluun kennuu Deebii hin qabu 94 / 200 Civ 94. .Barbachisummaan deeggarsa addaa dubartootaaf taasifamu akka Heera MFDRItti? Walqixxummaa koornayaa dhiiraa fi dhala jidduu jiruu idileessuuf Hirmaannaa dubartootaa murteessuuf Kaka’uumsa hirmaannaa dhiiraa dagaagsuuf Hirmaannaa dubartootaa warroota dhiiraa caalaa dagaagsuuf 95 / 200 Civ 95. Ati akka barsiisaa barnoota lammummaa fi amala gaariitti, garaagarummaa barattoota gidduu jiruu haala kamiin keessummeessita? Barattoota hundaa haala walfakkatuun keessummeessuu Akkaataa fedhii isaanii fi haala keenna barnootaa Barattoota ciccimoo ta’aniif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan Garaagarummaa dhabamsiisuun 96 / 200 Civ 96. Himoota armaan gadii keessa kamtu hawaasa keessatti jirachuu haqummaa ibsa? Nama dhuunfaa eenyummaa isaa irratti hunda’uun gargaaruu Nama dhuunfaa haala qabatamaa seeraa irratti hunda’uun gargaaruu Nama dhuunfaa haala ajaja nama dhuunfaa fi aangoo inni qabuun deeggaruu Lammiilee yeroo hundaa bifa wal fakkatuun deeggaruu 97 / 200 Civ 97. Dhimma walitti bu’iinsa tokkoo, karaa aadaa hawaasni walitti bu’iinsa furatuun kan hin furamne yoo ta’e , murteen hojiirra ooluu qabu isa kami? Humna fayyadamuu Dhimmicha garaa mana murtiitti fiduu Dhimmicha gonkumaa dhiisuu Partilee irratti dhiibbaa gochuun dhimmicha akka adda baasanii ilaalan tasiisuu 98 / 200 Civ 98. Dirqamni lammilee biyya tokko irraa eegamuu fi dirqamni lammilee biyya alaa ta’an irraa hin eegamne kami? Ashuuraa (Gibira) kaffaluu Tajaajila ittisa biyyaa kennuu Yeroo rakkoon namoota dhaqabe gargaaruu A fi B deebiidha 99 / 200 Civ 99. Waranni beekkamaa fi ummanni Itoophiyaa kutannoon wereera biyya alaa ofirraa ittisuuf taasiise maal jedhama? Waraana Itoophiyaa fi Ertiriyaa Waraana Ahimad Giraany Waranaa Adawaa Qabsoo Saboonni, sablammoonni fi ummatoonni Itoophiyaa walqixxumaaf tasiisan 100 / 200 Civ 100. Qaamman aangoo mootummaa keessaa isa kamtu irra caalaatti ittigaafatamummaa eegumsa seeraa fi haqummaan hojiirra akka oolu tasisa? Qaama seera hiiktuu Qaama seera tumtuu Muummicha Minsteeraa Pirezidaantii 101 / 200 Civ 101. Ittigaafatamummaa barattoonni mana barumsaa keessatti hojiirra oolchuu qaban kan ibsu kami? Biqiloota dhaabuu fi bishaan obaasuu Qulqullina mooraa mana barumsaa eeguu keessatti hirmaachuu Sirna alaabaa irratti argamuu Hunduu deebiidha 102 / 200 Civ 102. Kaneen armaan gadii keessa tokko dirqamaa qabeenya Itoophiyaatiif eegumsa gochuu hin qabu. Mootummaa Uummata Dargaggoota Lammii biyya alaa 103 / 200 Civ 103. Hambaalee seenaa armaan gadii keessaa tokko “UNESCO”dhaan kan galma’ee miti? Gamoo Faasil Bataskaana Laalliibalaa Siidaa Aksum Hidha Abbaya 104 / 200 Civ 104. Duudhaa aadaa eeguu fi hambalee seenaa kunuunsuu irratti gochi lammilee irra hin eegamne isa kami? Duudhaalee aadaa fi hamabaalee seenaa naannoo keenyaa qofatti argamuuf kunuunsa gochuu Yeroo gaaffatamne qofa deeggarsa gochuu Ofii keenyaaf qofa itti bashannaanuu Hunduu deebiidha 105 / 200 Civ 105. Akka barsiisaatti waaa’ee dhukkuba HIV/AIDS’n walqabate barattoota kee maal gorsita? Fuudhaafi heeruma dura walqunnamtii saalaa rawwachuu dhiisuu Tokkoof tokko ta’uu Kondoomitti seeraan akka fayyadaman gorsuu Hunduu deebiidha 106 / 200 Civ 106. Nama hojii uumuu fi hojilee adda adda keessatti milka’aa ta’e irraa kan hin eeggamne maali? Hubannaa fi hojiif kabaja kennuu Kaka’umsaa fi haamilee qabaachuu Dhimmoota hunda irratti namoota biroo deeggarsa gaafachuu Yeroodhaaf bakka guddaa kennuu 107 / 200 Civ 107. Akka qabatama haala Itoophiyaatti barsiifatni aadaa hojii cimaa miidhu isa kami? Hojii tuffachuu Yerootti seraan fayyadamuu Hirkattummaa “B” malee hunduu deebiidha 108 / 200 Civ 108. Akka Heera MFDRIti isa kamtu mirga hojjettootaa of keessatti hin hammanne? Gurmaa’uu Oomishaa fi qabeenyaatti fayyadamuu Bakkaa fi hojii filachuu Ashuuraa (Qaraxaa) kaffaluurra bilisa ta’uu 109 / 200 Civ 109. Kamtu amala ogummaa hojii walee(gamtaa) jalatti hin hammatamne? Yeroo kabajuu Qabeenya seeraan itti fayyadamuu Beekumsa ofii fooyyeffachuu Waldeeggaruu fi hiriyyoota kabajuu 110 / 200 Civ 110. Akka barsiisaa barnoota lammummaa fi amala gaariitti wanti sirraa hin eeggamne maalidha? Humnatti fayyadamuun barattoota irratti ilaalcha kee fe’uu Yeroo naamusa gadhee ta’e argitu call’isuu (Cal jettee dabruu) Gochootaa fi murtee bulchiinsa mana barumsaa mormuu Hunduu deebii ta’a 111 / 200 Civ 111. Yaada of danda’uu kan ibsu hima kami? Qabeenya qabnuun danddeetti fedha ofii guuttachuu Namoonni biroo fedha keenya nuuf guutan jennee abdachuu Namoota biroo dhiisuun jireenya mataa ofii qofa jiraachuu Guutuummaan guutuutti namoota biroo irraa addatti of danda’uu 112 / 200 112. Namni tokko ofdanda’eera kan jechisiisu yoo maaal ta’e/taateedha? Yaaduu fi hojii mataa isaa/isheef qofa yoo hojjete/tte Ani namoota biroo irraa fooyya’aadha jedhee/tte yaaduu yoo danda’e/dandeesse Hirkattummaa irraa bilisa yoo ta’e/taateedha Ilaalcha gadi aantummaa yoo qabaate/tteedha 113 / 200 Civ 113. Kanneen armaan gadii keessa isa kamtu barattoota ofitti amanamummaa qabanii ibsa? Barattoota biroo caalaa cimaa/ tuu akka ta’etti/ taatetti of ilaaluu Deeggarsa gochuu dhiisuu fi yaada namoota biroo wajjiin wal jijjiruu dhiisuu Kophaatti qo’achuu fi gochoota hunda kophaa ofiin raawaachuu Daree barnootaa keessatti ciminaan hirmaachuu 114 / 200 Civ 114. Himoota armaan gadii keessaa miidhaa hirkattummaa kan ibsu isa kami? Sarbamuu mirgaa Abdii namoota biroo irra kawaachuun ni guddadha jedhanii yaaduu Gadi aantummaan namatti dhaga’amuu Hunduu deebiidha 115 / 200 Civ 115. Filannoowwaan armaan gadii keessaa tokko koontirobaandii (daldalli seeraan alaa) hin ibsu? Guddina dinagdee ariifachisaa fida Galii biyyattiin argachuu qabdu hir’isa Garaagarummaa babal’isa Malaamaltummaaf karaa bana 116 / 200 Civ 116. Misoomni kan mirkana’u; Hojjettoota hojii uumanii fi kaka’uumsa qaban yoo horanne Hojii koontiroobaandii (daldala seeraan alaa) yoo babal’ifne Lammilee etiksii qabanii fi ofitti amanamummaa qaban yoo horanne A fi C deebiidha. 117 / 200 Civ 117. Akka aadaatti jechi “yeroon warqii dha” (time is gold) jedhu kan agarsiisu; Yeroon garee hawaasaa murasa qofa ofkeessatti hammata Yeroo qabnu seeraan yoo itti fayyadamne guddachuu ni dandeenya Yeroon namoota hundaaf walqixa kan kennamee miti Namoonni hunduu yerootti haala walqixa ta’een fayyadamuu ni danda’u 118 / 200 Civ 118. Kaneen armaan gadii keessa tokko seeraan yoo itti hin faayyadamnee deebisnee bakka busuu hin dandeenyu? Qarshii Humna Qabeenya Yeroo 119 / 200 Civ 119. Qusannaan maliif barbaachisa jettee yaadda ? Qarshii baay`ee walitti kuufachuun sooreessa ta’uuf Suuta suutaan fedhii ofduraa qabnu guuttachuuf Kufaatii hin tilmaamamne keessa galuuf “A” malee hunduu deebiidha 120 / 200 Civ 120. Akka qabatama Itoophiyaatti, aadaa qusannaa qabnu kan miidhe; Galii nama dhuunfaa Hubannaan qusannaaf qabnu gadi aanaa ta’uu Dhaabbileen qusannaa lakkoofsaan xiqqaa ta’uu Dhaabbilee qusaannaa irraa amantaa dhabuu 121 / 200 Civ 121. Kanneen armaan gadii keessaa tokko dhaabbata qusannaa miti. Dhaabbata Inshuraansii Afoosha Iqqubii(Wiijoo) Deebii hin qabu 122 / 200 Civ 122. Dhaabbilee qusannaa tajaajila qusannaa fi liqii intarpirayizii xixiqqaa fi qonnaan bultootaaf kennu; Baankii dhuunfaa Baankii daldala It Dhaabbilee qusannaa fi liqii Iqqubii(wiijoo) 123 / 200 Civ 123. Aadaa qusannaa dagaagsuun kan danda’amu; Hubannoo barbaachisummaa qusannoo kennuun Baay’ina maatii qabeenya qabnu irratti hunda’uun murteessuu Fedhii qabnu galii argannu waliin wal simsiisuu Hunduu deebiidha 124 / 200 Civ 124. Himoota armaan gadii keessa kamtu danddeettii namoota birootiin jiraachuu agarsiisa? Fedhii qabnu qabeenya qabnuun walmadalchisuu Fedii ofii qarshiin guuttachuu Waa’ee boruu yaaduu dhiisuu Fedhii ofii guuttachuuf namoota biroo irratti hirkachuu 125 / 200 Civ 125. Filannoowwan armaaan gadii keessaa hirmaanna cimaan hawaasaa kan mul`achuu danda`u eessatti? Hawaasa amala walfakkaatu qabuun Hawaasa amala adda addaa qabuun fi waliigaltee hinqabneen Hawaasa walitti bu`insaan guutameen B fi C deebiidha 126 / 200 Civ 126. Barbaachisummaan hirmaannaa cimaa hawaasaa maliin ibsama? Dhimma siyaasaa Dhimmaa hawaasummaa Hirmaannaa qaama fedhii qaban Hunduu deebiidha 127 / 200 Civ 127. Hirmaannaan cimaa hawaasaa sadarkaa kamitti barbaachisa? Mana barumsaatti Sadaarkaa gandaatti Sadarkaa mootummatti Hunduu deebiidha 128 / 200 Civ 128. Hawaasni siivikii; Qaama mootummaati Garee fedha qabaniini/namoota dhuunfaan kan gurmaaa’e. Qaamolee bu’aa barbaadaniin kan gurmaa`eedha Waldaalee amantaa 129 / 200 Civ 129. Filaannoowwan armaan gadii keessaa isa kamtu hawaasa siivikii jalatti hin ramadamne? Komishinii farra malaamaltummaa Waldaa barsiisootaa Garee mirga dhala namaa ilaalu Deebii hinqabu 130 / 200 Civ 130. Gochoota armaan gadii keessaa tokko hawaasni siivikii qooda keessatti kan hin fudhanneedha? Fedhii fi mirga miseensootaa eeguu Dhaabbilee tajaajila fayyaa kennan deeggaruu Mirga lammilee eeguu Aangoo siyaasaa qabachuu 131 / 200 Civ 131. Beekumsi; Wantoota argan, dhagahan,baratanii fi dubbisan irraa hubachuu Dandeettii qaban gochatti hiikuu Barumsa muuxannoon argamu caalaa barachuun kan argatan Hunduu deebiidha 132 / 200 Civ 132. Beekumsa fedhuun kan agarsiisu; Beekumsa argachuuf galma’uu Wantoota hubachuu Beekumsa guddisuu Daataa funaanuu 133 / 200 Civ 133. Beekumsi kan argamu karaa kamiini? Barachuun Dubbisuun Daawwachuun Hunduu deebiidha. 134 / 200 Civ 134. Barattoonni barnoota yeroo dheeraaf yaadachuu kan danda`an; Arguudhaan Dhag`uudhaan Dubbisuudhaan Gochaan/hojjechuun 135 / 200 Civ 135. Boontuun intarneetii keessa barbaaduun diyaagraamii abbaltii isheef kenname keessa galchite. Garuu, madda ragichaa hin ibsine. Amanamummaa dhabuun akkasii maal jedhama? Hojii nama biraa akka kan ofiitti fayyadamuu (Hanna) Amala badaa barnootaa Soba Hojii nama biraa waraabuu 136 / 200 Civ 136. Dhabamuun olaantummaa seeraa biyya keessatti rakkoo inni fidu: Dhabamuu walqixxumma Dhabamuu haqummaa Bulchiinsa garee guddaa ‘C’ malee hunduu deebiidha 137 / 200 Civ 137. Dhabamuu ofitti amanamummaaf sababa kan ta’uu danda’u kami? Miidiya Hiriyyaa Maatii Hunduu deebii dha 138 / 200 Civ 138. Namni amala of danda’uu qabu nama hirkkattummaa qabuu irraa adda kan taasisuu kami? Ofitti amanuu Of hogganuu Of hubachuu Hunduu deebii dha 139 / 200 Civ 139. Dhiibbaa miidiyaan ofitti amanamummaa irratti fiduu danda’uu qolachuuf kan nama hin gargaarree kami? Of beekuu Hundaa fudhachuu Ofitti boonuu Deebii hinqabu 140 / 200 Civ 140. Hirkattummaan sadarkaa kamirratti mul’achuu danda’aa? Nama dhuunfaa Addunyaalessa Biyyoolessa Hunduu deebii dha 141 / 200 Civ 141. Kanneen armaan gadii keessaa tokko dhaabbata qusannaa ammayyaa miti. Uqqubii Baankii Dhaabbata faayinaansii xixiqqaa Inshuraansii 142 / 200 Civ 142. Qusannaan dubartoota gurmaa’anii bu’aa akkamii fiduu danda’a? Akka hojii adda addaa irratti hirmaatan gargaara. Aadaa ofitti amantummaa guddifatu Amala qusannoo wali guddifachuu danda’u Hunduu deebii dha 143 / 200 Civ 143. Kannen armaan gadii keessaa tokko humnaa ol dabaluu lakkoofsa uummataaf sababa miti. Tajaajilli fayya bababalachuu dhabu Karoora maatitti fayyadamuu dhabuu Guddina dinagdee Barnoota dhabuu 144 / 200 Civ 144. Humnaa ol dabaluun lakkoofsa uummata biyya irratti rakkoo akkami fiduu danda’a? Hojii dhabdummaa Hanqina nyaata madaalawaa Carraa barnootaa dhabuu Hunduu deebii dha 145 / 200 Civ 145. Kanneen armaan gadii keessaa faayidaa hirmaannaa hawaasaa kan ta’e kami? Hawaasni akka jijjiramni dhufu taasisa Namni dhuunfaan jijiramni akkamin akka dhufu barata Lammiileen fedhii nama dhuunfaa fi hawaasaa ni beeku Hunduu deebii dha 146 / 200 Civ 146. Hirmaannaa siyaasaa ilaalchisee kan sirri hin ta’ane kami? Hirmaannaan siyaasaa sirna hunda keessatti adeemsaa walfakkaatu qaba. Aangoo uummanni dhimma mootummaa keessatti qooda qabu dha. Beekumsaa bu’uurraa, ogummaa yaaduu fi amala siivikaawa ta’e barbaada. Hunduu deebii dha. 147 / 200 Civ 147. Kanneen armaan gadii keessaa bu’aa hawaasa siivikii kan ta’e kami? Bulchiinsi ilaalchaa fi yaada kallatti adda addaa akka hubatu taasisa. Sabboonummaa, ulfinaa fi miira abba biyyummaa lammiilee jajjabeessa. Mootummaan waa’ee yaada lammiilee odeeffannoo guutuu akka argatu taasisa. Hunduu deebii dha 148 / 200 Civ 148. Naannoon keenya eegamuu kan danda’uu: Yoo hawaasni fedhii isaatiin hirmaate Gumii kunuusa naannoo hedduu hundeesuun Mootummaan kunuunsa naannoo irratti seera cimaa baasuun Maallaqa hedduu kunuunsa naannoof yoo ramadame. 149 / 200 Civ 149. Kanneen armaan gadii keessa madda beekumsaa kan ta’e kami? Barnnoota idilee Barnnota al-idilee Qorannoo fi qo’qnnoo Hunduu deebii dha 150 / 200 Civ 150. Kanneen armaan gadii keessaa madda odeeffannoo kan hin taane kami? Daawwannaa Miidiyaa elektirooniksii Miidiyaa maxxansaa Deebii hin qabu 151 / 200 Civ 151. .Faayidaa quunnamtii afaanii kan hin taane kami? Addunyaawaadha ykn bakka hundatti faayidaa kennuu danda’a. Haala saffisaa ta’een yaada waljijjiiruu nama dandeessisa. Namoonni waan isaaniif hingallee gaafatanii ibsa argachuu danda’uu Walquunnamtee fuulaaf fuulaan waan ta’eef raawwiin isaa hubatamuu danda’a 152 / 200 Civ 152. Kanneen armaan gadii keessaa gufuu quunnamtii kan jedhamu kami? Tilmaama ifa hin taane Jechoota hiika baay’ee qaban Sirritti dhaggeeffachuu dhabuu Hunduu deebii dha 153 / 200 Civ 153. .Ragaalee xiinxaluun faayidaalee akkami qaba? Rakkoolee addaan baafachuun yaada furmaataa eeruuf Gaaffii qorannoof deebii qabatamaa ta’e kennuuf Arggannoowwan tartiibessuun akka hojiirra oolaniif Hunduu deebii dha. 154 / 200 Barsiisaan Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii kan kutaa 6ffaa haala barattoonni daree hundi bakka bu’aa daree isaanii itti filatan haala mijeesse haa jennu. Akaakuun dimokiraasii barattoonni shaakalan: Dimokiraasii kallattii Dimokiraasii bakka bu’iinsaa Dimokiraasii al-kallattii Aangoo bakka buusuu 155 / 200 Civ 155. Seerri jiraachuun hojiirra ooluun Mootummaan dimokiraatawaa jiraachuu Aangoon mootummaa murtawaa ta’uu Aangoon mootummaa gadidhiisii ta’uu A fiB deebii ta’u 156 / 200 Civ 156. Kanneen armaan gadii keessaa mirga uumamaa kan hintaane isa kami? Mirga lubbuun jiraachuu Mirga qabeenyaa horachuu Mirga gurmaa’uu Mirga walqixxummaa 157 / 200 Civ 157. Akka Heera Itoophiyaa yeroo ammaatti, walqixummaan diinagdee irra caalaatti maal agarsiisa? Lammileen qabeenya walqixa qabaachuu Lammileen kaappitaala walqixa qabaachuu Lammileen carraa qabeenya horachuu argachuu Lammileen kaffaltii walqixa ta’e argachuu 158 / 200 Civ 158. Mana murtii armaan gadii keessaa isa kamtu murtii isa xumuraa kennuu danda’a? Mana murtii Olaanaa Federaalaa Mana murtii Olaanaa sadarkaa naannoo Mana murtii Fedaraala sadarkaa tokkoffaa Mana murtii waliigala Federaalaa 159 / 200 Civ 159. Sirna diimookiraasii ilaalchisee soba kan ta’e isa kami?a. Sirna bulchiinsaa baayinummaan keessatti kabajamudha. Sirna bulchiinsaa yaadawwan garaagaaraa keessummeessudha. Sirna bulchiinsaa fedhii abbootii aangoo galmaan ga’uuf xiyyeeffatudha. Sirna bulchiinsaa abbootiin aangoo itti-gaafatamummaa fudhatanidha. 160 / 200 Civ 159. Sirna diimookiraasii ilaalchisee soba kan ta’e isa kami? Sirna bulchiinsaa baayinummaan keessatti kabajamudha. Sirna bulchiinsaa yaadawwan garaagaaraa keessummeessudha. Sirna bulchiinsaa fedhii abbootii aangoo galmaan ga’uuf xiyyeeffatudha. Sirna bulchiinsaa abbootiin aangoo itti-gaafatamummaa fudhatanidha. 161 / 200 Civ 161. “Qaama miidhamummaan of danda`uu nama hindhorku” jechamni jedhu maal agarsiisa? Qaama miidhamtoonni hundi hirkattoota ta’u yaada jedhu Qaama miidhamummaan hojii nama hindhorku yaada jedhu Qaama miidhamtoonni gargaarsa qofaan jiraachuu qabu yaada jedhu Qaama miidhamtootaaf deeggarsi addaa taasifamuu hinqabu yaada jedhu 162 / 200 Civ 162. Waa`ee “beekumsaa fi dandeettii” ilaalchisee kan yaada dogoggoraa ta’e qabu isa kami? Namni kamiyyuu hanqina mataa isaa ni qabaata. Namni tokko abbaa beekumsa hundaa ta`uu ni danda`a. Namni kamiyyuu dandeettii fi beekumsa mataa isaa qaba. Beekumsii fi dandeettiin muuxannoon gabbataa adeema 163 / 200 Civ 163. Yaada rimee Giloobaalaayizeshiinii dogoggoraa kan of keessaa qabu isa kami? Hawaasa addunyaa karaa hawaasummaa walitti hidhuu Hawaasa addunyaa karaa dinagdee walitti hidhuu Hawaasa addunyaa karaa siyaasaa walitti hidhuu Hawaasaa Addunyaa gama hundaan tokko taasisuu 164 / 200 Civ 164. Kanneen armaan gadii keessaa Itoophiyaa keessatti “heerri Bulchiinsa Dargii bara 1987“ isa kami hojiirra oolche? Sirna Sooshaalizimmii hundeessuu Sirna paartii hedduu hundeessuu Sirna Gabaa bilisaa hundeessuu Sirna aangoon dhaalaan darbu hundeessuu 165 / 200 Civ 165. Ciminaa fi maqaa gaarii Itoophiyaan sirnoota darban keessatti sadarkaa addunyaatti ittiin beekamaa turte isa kami? Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu danda’uu isheetiin Lammiilee of-danda’an horachuu danda’uu isheetiin Birmadummaa biyyaa eeggachuu danda’uu isheetiin Misooma amansiisaa mirkaneessuu danda’uu isheetiin 166 / 200 Civ 166. Haqummaan biyya tokko keessa jiraachuun karaa kamiin ibsamuu danda’a? Qaamni aangoo qabu olaantummaa isaa yoo mirkaneesse Mirgoonni garee xiqqaa qofti xiyyeeffannoo yoo argate Bu’aa fi faayidaan abbootii taayitaa kan uummataa yoo caale Lammiiwwan walqixxummaan tajaajilaa fi eegumsa yoo argatan 167 / 200 Civ 167. Ijoon kaayyoon Imaammata alaa yeroo ammaa Itoophiyaan hordoftu isa kami? Birmadummaa fi fedhii biyyolessaatiif dursa kennuu Fedhii fi faayidaa biyyoota ollaatiif dursa kennuu Dhimma biyya biroo keessa seenuuf dursa kennuu Yeroo hundaa gargaarsa argachuuf of-qopheessuu` 168 / 200 Civ 168. Seenaa hawaasummaa uummattoota Itoophiyaa keessatti sirna Moototaa fi sirna Dargii kan wal-hinfakkeessine isa kami? Sirnoota lamaanuu keessatti walqixxummaan hawaasaa kabajamuu dhabuu Sirnoota lamaanuu keessatti amantiin mootummaatti kan hidhame ta’uu Sirnoota lamaanuu keessatti Afaan sabootaa walqixa xiyyeeffannoo dhabuu Sirnoota lamaanuu keessatti mirgoonni bu’uuraa lammiilee kabajamuu dhabuu 169 / 200 Civ 169. Akka Heera Itoopiyaa bara 1995tti waa’ee Muummicha Ministeeraa ilaalchisee kan dogoggora ta’e isa kami? Dura bu’aa mana maree ministeerotaati Dura bu’aa mootummaa Itoophiyaati Miseensa paartii kamiiyyuu miti Ajajaa humna waraanaa Itoophiyaati 170 / 200 Civ 170. Kanneen armaan gadii keessaa etiksii ogummaa tokko bu’a qabeessa taasisuu kan hindandeenye isa kami? Seera etiksichaa dhoksaadhaan yoo jiraate Ogeessonni hubannoo akka qabaatan yoo taasifame Wantoonni rakkoo uuman adda baasuun yoo danda’ame Lammiileef odeeffannoo sirrii dabarsuun yoo jiraate 171 / 200 Civ 171. Akka yaada hiddama ammayyummaatti, biyyoonni misoomaan boodatti hafan akka “Itoophiyaa” gara misoomaatti dhufuuf daandii biyyoota misoomanii qofa hordofuu qabu kan jedhu akka haala qabatamaa Itoophiyaatti hanqina maali qaba? Miira hirkattummaa lammiilee jajjabeessa Lammiileen miira of-danda’uu akka horatan taasisa Muuxannoo hojii biyyi tokko uummachuu qabu gabbisa Namoonni akka waan haaraa kalaquu danda’aniif karaa bana 172 / 200 Civ 172. Yaada rimeen qusannaa sadarkaa nama dhuunfaatti hubatamuu qabuun kan wal hin qabanne isa kami? Yeroo qaban karooraan itti gargaaramuu Qabeenya qaban sirnaan itti fayyadamuu Galii fi baasii mataa ofiif karoorfachuu Qabeenyaa qabanitti fayyadamuu dhiisuu 173 / 200 Civ 173. Kanneen armaan gadii keessaa qabeenya mataa ofiif horatan qisaasesssuun maaliin wal hinqabatu? Wallalummaa fi hanqina hubannaa qabaachuu Dandeettii ofii malee kabajaa fi ulfina barbaaduu Karoora qabaachuu fi hanga humna ofiitti jiraachuu Ofitti amanamummaa dhabuu fi nama biraan qajeelfamuu 174 / 200 Civ 174. Kanneen armaan gadii keessaa kaayyoon heera Itoophiyaa bara 1931 inni ijoon isa kami? Caasaa mootummaa federaalawaa diriirsuu Sirna rippuubiliikii akka hojiirra oolu taasisuu Mootummoonni naannolee akka ofiin of-bulchan taasisuu Aangoo mootichaa dhaalaan akka darbu taasisuu 175 / 200 Civ 175. Kanneen armaan gadii keessaa dirqama barreessaa seenaa kan ta’e kami? Ragaa waa’ee barreessu sanaa argachuu qaba Dhiibbaa qaama biraa irraa bilisa ta’uu qaba Ragaawwan dhimma qoratuu adda addaa walbira qabee madaluu qaba Hundinuu deebiidha. 176 / 200 Civ 176. Caasaa bulchiinsa Itoophiyaa yeroo ammaa keessaa qaamni bulchiinsaa aangoo seera raawwachiisummaa qabu kami? Mana maree ministeerotaa Mana murtii Federaalawaa Mana maree bakka bu`ootaa Mana maree Federeeshinii 177 / 200 Civ 177. Olaantummaa seeraa kan hinargisiisne kami? Seerri waan hunda hoogganuu Hooggantoonni mootummaas seeraa ol akka hintaane argisiisa Seera wallaaluun adaba jalaa nama hinbaasu Lammiileen hundi seeraa ol ta`uu 178 / 200 Civ 178. Sirna dimokiraasii keessatti kan sagalee caalmaa argate nibulcha. Kun yaada armaan gadii keessaa irra caalaa isa kam waliin walittidhufa? Olaantummaa seeraa Iftoomina Hooggansa garee guddaa Sirna paartii hedduu 179 / 200 Civ 179. Yaadni jaalala biyyaa sirna dimokiraatawaa hintaane ibsu kami? A. Amanamummaa lammiileen biyya isaaniif qaban. Amanamummaa lammiileen biyya isaaniif qaban. Amanamummaa lammiileen sirna tokko eeguutiif qaban. Amanamummaa lammiileen aadaa isaanii guddisuuf taasisan. Deebiin hinkennamne. 180 / 200 Civ 180. “Goolii diimaan” ibsituu maaliiti? Tarkaanfii biyya duroomsuu Walqixxummaa fi bilisummaa yaada ofii ibsachuu Gochoota miti- dimokiraatawaa ummata irratti raawwate. Mirgoota dhuunfaa fi garee kabajuu 181 / 200 Civ 181. Kanneen armaan gadii keessaa tokko kaayyoo gooroo barnootaati? Himuu Beekuu Ibsuu Addaan baasuu 182 / 200 Civ 182. Barsiisaan tokko karoora barnootaa alatti daree barnootaa yoo seene maaltu qunnamuu danda`a? Sagantaa barnootaa seeraan hoogganuu hindanda`u Ofitti amanamummaa dhabuu fi yaadota waldhahaniin barsiisuu Karoora barnootaa qabaates qabaachuu baates garaagarummaa hinqabu. Afi B deebiidha 183 / 200 Civ 183. Kanneen armaan gadii keessaa tokko qabiyyee kaayyoo gooroo barnootaa jalatti hinhammatamu? Kaayyo gooroo gosa barnoota barsiifamuu Mala baruu barsiisuu Meeshaalee deeggarsa barnootaa Sagantaa barannoo 184 / 200 Civ 184. Qaamni bulchiinsa mana barumsaa tokko daree barnootaa dabalataa ijaaruuf karoora waggaa lamaa baafatee yeroo jedhametti seeraan fayyadamee xumureera. Isa kana irraa kan hubannu? Karoorich seeraan hordofameera Karoorri gochoota seeraanfayyadamuu fi yeroo seeraan fayyadamuuf barbaachisaadha. Karoorri yoo hinjiraanne hojii tokko galmaan gahuun rakkisaadha. Hunduu deebiidha. 185 / 200 Civ 185. Barsiisaan tokko barattoota adda baasuun qabxii kan kennu yoo ta`ee fi barattoonni gocha isaa kan morman yoo ta`e, gochi kun murna kam jalatti ramadama? Murna ilaalchaa Murna qaam- sammuu Murna yaad- sammuu A fi B deebiidha 186 / 200 Civ 186. Hubannoon barattoota daree keessa jiran garaagarummaa yoo kan qabaatu ta`e maaltu barbaachisa jettee yaadda? Yeroo karoora barnootaa qopheessinu garaagarummaa ilaalcha keesa galchuu. Meeshaalee deeggarsa barnootaa dandeettii isaanii irratti hundaa`uun qopheessuu. Mala baruu barsiisuu dandeettii fi fedhii isaanii irratti hundaa`uun fayyadamuu Hunduu deebiidha 187 / 200 Civ 187. Malleen baruu barsiisuu armaaan gadii keessaatti barsiisaan kan gochaalee dhuunfatu kam keessatti? Mala barsiisaa giddu galeeffateen Mala barataa giddugaleeffateen Mala aadaatiin A fi C deebiidha 188 / 200 Civ 188. Qabiyyee kenname keessatti mata dureen barsiifamu bal’aa yoo ta’e fi ibsa bal`aa kan barbaachisu yoota`e, malleen baruu barsiisuu armaan gadii keessaa isa kamtu filatamaadha? Mala barattoota giddugaleeffate. Mala barsiisaa giddugaleeffate. Lamaanuu bifa walfakkaatuun hojii irra oolchuu. Cimina qabiyyichaa ilaalcha keessa otuuhingalchiin malleen lamaanittuu fayyadamuu 189 / 200 Civ 189. Barsiisaan tokko daree seenee fuula barattootaa wayita ilaalu barattoonni isaa fedha kan hinqabne, namoota waliin kan walittidhufenya hinqabne, deebii kan hindeebifne, kan jeeqan fi barnootaaf dhimma kan hinqabnedha. Kanaaf murteen inni jalqabaa barsiisichi fudhachuu qabu maal ta`uu qaba? Barattoonni amala akkasii maaliif akka argisiisan adda baafachuu Barattoota otuu hingaafatiin tarkaaniffii fudhachuu. Amala argisiisaniin walqabsiisee barattootaa fi gorsaa fi deeggarsa gochuun amala isaanii akka fooyyeffatan gochuu Yoo barbachisaa ta`e namoota biroo hirmaachisuu. 190 / 200 Civ 190. Malleen baruu barsiisuu irratti dhiibbaa kan hinfidne isa kami? Dandeettii barattootaa Qabiyyee barnootaa Yeroo kenname Deebii hinqabu 191 / 200 Civ 191. Malli baruu barsiisuu tokko qoftii fi adda ta`e hinjiru. Isa kana irraa ka`uun yoo guduunfinu; Malleen baruu barsiisuu barattoota giddugaleeffatee fi barsiisaa giddu galeeffateen barsiisuu qabna. Malli baruu barsiisuu kan murtaa`u sababoota baay`eetiini. Malli baruu barsiisuu bu`a qabeessa ta`e fedha barsiisaa irratti hundaa`ee yoo filatamedha. A fi B deebiidha 192 / 200 Civ 192. Barsiisan Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii barattoota kutaa 6ffaa qabiyyee barnootaa wayita barsiisu malleen barsiisuu adda addaatti fayyadamee barsiise. Garuu jijjiiramni hirmaannaa barattootaa fi qabxii isaanii irratti mul`ate hinjiru.Akka hubannaa keetiitti rakkoon mala baruu barsiisuu qunname maaldha? Malli baruu barsiisuu qophaa`e sadarkaa barattootaa irratti kan hundaa`e miti. Yeroo barsiisaan barattootaaf ibsa taasisu rakkoon jiraachuu ni danda`a. Barattoonni yeroo barsiisaan barsiisu xiyyeeffannaan hin hordofne ta`a. Hunduu deebiidha 193 / 200 Civ 193. Yeroo meeshaa deeggarsa barnootaa daree barnootaa keessatti fayyadamnu wanti raawwachuu hinqabne maalidha? Meeshaalee deeggarsa barnootaa haala barattoonni hundi arganiin fayyadamuu Ibsa waa`ee meeshaa deeggarsa barnootaa erga barnoota xumurreen booda taasisuu Hanga danda`ameen meeshaa deeggarsa barnootaa mata duree barsiifnu wajjin deemu fayyadamuu Waa`ee meeshaa deeggarsa barnootaa fuula kee barattootatti naannessuun ibsuu 194 / 200 Civ 194. Akkaataa taa`umsa tartiiba qormaata barnootaatiin isa kamtu sirriidha? Dhugaa fi soba, Filannoo, Firoomsii, ibsa. Filannoo, Dhugaa fi soba, Firoomsii, ibsa. Filannoo, Firoomsii, Dhugaa fi soba, Ibsa. Dhugaa fi Soba, Firoomsii, Filannoo, Ibsa 195 / 200 Civ 195. Barattuun shamarreen daree barnootaa kee keessatti argamtu barataa dhiiraa isheen waldorgomu caaltee qabxii olaanaa yoo kan galmeessitu ta`e maaltu sitti dhagahama? Jajjabeessuu fi jajuun akka itti fuftu gochuu Akka isheen barattoota dhiiraa irraa garagalchitetti yaaduu Barattoota biroo irraa akka isheen hingalagalchine akeekkachiisuu Naamusa egsisuu 196 / 200 Civ 196. Kanneen armaan gadii keessaa madaallii walittifufaaf kan hinbarbaachifne isa kami? Barattootaaf qabxii kennuu Karoora baruu barsiisuu qopheffachuu Jijjiirama barattootaa hordofuu Deebii hin qabu 197 / 200 Civ 197. Madaalliin barattootaa yoom qindaa’a? Xumura barnoota waggaa irratti Jalqaba barnootaa hanga dhuma bara barnootaa Yeroo barsiisaan fedhetti Yeroo qormaata giddugaleessaa fi xumuraa. 198 / 200 Civ 198. Faayidaan barattoota walitti fufinsaan madaaluu maali? Qabxii barattootaa walittiqabuuf Ga`umsa barattootaa madaaluuf Gahumsa barattootaa adda baasuu fi tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf Hunduu deebiidha 199 / 200 Civ 199. Yeroo qabiyyee barnootaa keessatti waa`ee hirmaannaa hawaasaa barsiifnu ta`e malli baruu barsiisuu gaarii ta`ee fi barattoota kee ga`oomsuuf qabiyyicha akka yaadatan taasisu? Daawwannaa dirree bakka hawaasni naannoo biqiltuu dhaabutti taasisuu. Gareedhaan daree barnootaa keessatti akka mar`atan gochuu. Mala falmii garee lama gidduutti gaggeessuu Ibsa barsiisaan daree keessatti taasisu. 200 / 200 Civ 200. Qabxiilee armaan gadii keessaa tokko ulaagaa meeshaalee deeggarsa barnootaa ittiin qopheessanii miti? Meeshaalee naannootti argaman irraa qopheessuu. Ifa, kan safaramuu danda`uu fi murtaa`aa ta`uu Umurii barattootaa fi sadarkaa kutaa barattootaa ilaalcha keessa galchuu. Meeshaalee ammayyaa fi alaatii dhufutti fayyadamuu Your score isThe average score is 0% LinkedIn Facebook VKontakte 0% Restart quiz Modeela COC Bara 2012 Muummee BLAGf PDFDownload Share this