Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif Leave a Comment / COC Models / By admin Take COC Model Exam Online 2 Created on September 07, 2020 By admin Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif 1 / 235 Jen 1. Lakkoofsa 4578 × 10^−3 ilaalchisee kan sirrii hin taane isa kami? 7 mana kudhaniiti 8 mana kumaffaati 4 mana tokkooti 5 mana kurnaffaati 2 / 235 Jen 2. Lakkoofsota hundaa 4 fi 20 gidduu meeqatu jira? 20 17 15 16 3 / 235 Jen 3. 4 x 10^5 x 9 x 10^3 + 1 x 10 + 6 bifa dessiimaaliitiin yammuu barreeffamu: 40916 400916 40990016 409016 4 / 235 Jen 4. Lakkoofsota armaan gadii keessa kan adda ta’e kami? Sqrt (0.25) 0.45 1.5 2sqrt(2) 5 / 235 Jen 5. Yoo tuutni T= {-1, 0, 1} ta’e, qoyyaboota armaa gadii keessaa kamtu tuuta T irratti amala alalgoomsuu qaba? Ida’uu Baay’isuu Hiruu Hir’isuu 6 / 235 Jen 6. Tuuta lakkofsa hundaa keessatti kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaadha? Amalli hir’isuu amala jijjiira iddootti Amalii baay’isuu amala raabsamaa qaba Ida’uun amala raabsamaa baay’isuu irratti qaba Amalli hiruu amala rabsamaa dha 7 / 235 Jen 7. Tuutni lakkoofsota irra deddeebii olaanaan uumamu maal jedhama? Gatii giddugala Gatii marmaartuu gatii gidduu Reenjii 8 / 235 Jen 8. Tuutni tuqaalee dheerinaafi bal’ina murtaawaa hin qabne maal jedhama? Diriiroo Sarara Bakka Xuqaa 9 / 235 Jen 9. Litiriin 0.70, miliimetirii __________ ta’a. 700 0.007 70 7000 10 / 235 Jen 10. Obboo Lammiin fageenya 12km deemuuf 9.4km fardaan,1.4km doqdoqqeen fi kan hafe ammoo miilaan yoo deeman,obboo Lammiin miilaan fageenya hagamii deeman? 1200m 1.02km 120,00cm 120,000dm 11 / 235 Jen 11. Qonnaan bulaa tokko lafa qonna rektaangulaa’aa dheerinni rogoota isaa 100m fi 40m ta’e dallaa itti ijaaruuf yoo karoorfate, dheerinni meeshaa dallaa kana ijaaruuf barbaachisu hammam ta’a? 200m 4000m 280m 560m 12 / 235 Jen 12. Yoo saarbiin waraqaa boca iskuweerii qabuu tokko 2sm dheerata ta’e, bal’inni waraqaa kanaa hammam ta’a? 2sm^2 4sm^2 8sm^2 10sm^2 13 / 235 Jen 13. Dhagaa meetirii-kiyuubii 15 lafa meetirii-iskuweerii 450 uffisuuf yoo barbaachise,dhagaa meetirii-kiyuubii 0.005 lafa seentimeetirii-iskuweerii hagamii uffisuuf barbaachisa? 150,000 30,000 1500 45,000 14 / 235 Jen 14. Kan dheerina rogoota rog-sadee hin taane kami? 2cm. 3cm ,4cm 1cm ,3cm ,2.5cm 2 3cm ,0.5cm ,1.5cm 1.75cm ,2.1cm ,2.3cm 15 / 235 Jen 15. Rog-arfeen rogoota cimdii tokko waltarree ta’e qofa qabu: rohombasii traapiiziyemii reektaangilii paralalloogiraamii 16 / 235 Jen 16. Qu’aadirilaateeraliin rogoota cimiidii tokko waliin fuullee ta’an waltarree qabu maal jedhama? Romboosii Tiraapiziyeemii Rektaangilii Paraalaloogiraamii 17 / 235 Jen 17. Bal’inni roombaasii ABCD 108cm^2 fi dheerinni saarbii tokkoo 12cm yoo ta’e dheerinni saarbii biroo meeqa ta’a? 9cm 24cm 117 18cm 18 / 235 Jen 18. Qabeen kiyuubii tokkkoo sqrt(27)cm^3 yoo ta’e waa’ee kiyuubii kana ilaalchisee kan sirrii hin taane isa kami? Bal'inni dirra isaa 54cm^2 ta'a Dheerinni saarbii isaa Dheerinni roga isaa 3cm ta'a 2 sqrt(3)cmBal'inni fuula tokkoo 9cm^2 19 / 235 Jen 19. Giddu-galeessi qabxii garee kubbaa kaachoo Bulchiinsa Magaala Adaamaa dorgommii kudhan irratti argatan 21 dha.Qabxiin dorgommii sagal irratti garichi argate 23,30,6,7,20,12,46,13 fi 24 yoo ta’e qabxiin garichi dorgommii kurnaffaa irratti argate meeqa ta’a? 29 19 18 25 20 / 235 Jen 20. Giraafii geengoo daataa gabatee armaan gadii irraa hojjechuu yoo barbaadde, baay’ina kubbaawwan halluu gurraachaa digirii meeqaan bakka buufta?Kubbaawwanii Adii 20, Kubbaawwanii Diimaa 23, Kubbaawwanii Gurraacha 36 fi Kubbaawwanii Magariisa 81. 56 22.5 48 81 21 / 235 Jen 21. Turtii tapha kubba miilaa safaruuf ramada kamtu irra caalatti gargaara? Guyyaa Torbaan Sekondii Sa’aatii 22 / 235 Jen 22. Naannofni danaa armaa gadii hammam ta’a? 60 sm 80sm 40sm 36sm 23 / 235 Jen 23. An fuulota lama qaba, verteeksota hin qabu akkasumas gangalachuu nan danda’a, kamtu sirritti na ibsa? Kiyuubii Dhuqunqula Piraamidii Siliindarii 24 / 235 Jen 24. Barattootni 5 battallee Herregaa qabxii 3, 5,8,10 fi x galmeessan.Yoo gatiin giddugalaa 8 ta’e , gatiin x meeqa ta’a? 14 32 23 15 25 / 235 Jen 25. Himoota armaan gadii kenname keessatti tokko hanqina safartuu aadaa ibsa. Gatii sirrii safaraa hinibsani. Wanta tokkoof gatii safara adda addaa kaa’a. Safarri isaanii gat-dhabeessaafi dhugoomina hinqabu hunduu deebii dha. 26 / 235 Jen 26. Fakkiin armaan gadii mooraa guddaafi xiqqaan agarsiisuun kennamee jira. Perimeetirii dallaa xiqqaafi guddaa barbaadi? 60m 90m 110m 150m 27 / 235 Jen 27. Hiriiroo lakkoofsaa kenname tokko keessatti xiyyi lama kanneen tuqaa hundhuura O irratti walkiphuun kofa 0 walii walii isaanii gidduutti uumuu kan danda’an xiyyoota meeqatu jirraachuu danda’aa ? 36 6 10 12 28 / 235 Jen 28. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu safartoota handhuuraa tii ? gatii giddugalaa , gatii gidduu fi gatii marmaartuu gatii giddugalaa , maqinsa sirrii fi gatii marmaartuu reenjii , maqinsa giddugalaa fi vaariyaansii maxxaantuu vaariyaan,gatii giddugalaa fi safartuu waltawaa 29 / 235 Jen 29. Danaan sarara olee armaan gadii baay’ina muummee muraasaa Kolleejjii barnoota Barsiisota Naqamtee bara barnootaa 2010 agarsiisa.kanneen armaan gadii keessaa kamtu sirri mitii? Baay’inni barattoota muummee Afaan oromoo 600 Baay’inni barattoota muummee Fiiziksii 200 Baay’inni barattoota muummee Herregaa 400 Muummeen Ingiliffaa muummeewwan hundarra baay’ina baraattootaa irra guddaa qaba 30 / 235 Jen 30. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu hanqina safara duriitii? Gatii sirrummaa safaraa hin agarsiisan Meeshaa tokkof safarrii garagaraa kennuu danda’u Safarriin isaanii amanamummaafi qabatamumaa hin qabu Hunda 31 / 235 Jen 31. Safartoota handhuuraa sadiin eenyuu fa’i? Gatii giddugaleessaa, gatii gidduufi moodii Avireejii, moodiifi maqiinsaa sirrii Reenjii, avireejii maqiinsaafi vaariyaansii Kofisheentii vaariyaansii, gatii giddugaleessaafi gatii sirrii 32 / 235 Jen 32. Kaayyoon barnoota herregaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisuu keessatti hin ramadamnee isa kam? Termoota artimeetikootafi mallattoolee Yaad-rimee teramootaa, poschuleetotaafi adeemsa mirkanneessuu Yaad-rimee lakkoofsotaa Dhugaawwaan herregaafi deemsa gatii lakkoofsaafi hariiroo bu’uuraa qoyyaboota arfanii 33 / 235 Jen 33. Kanneen armaan gadii keessaa kaayoon beekumsa herregaa barsiisuu kan ta’e kam? Dandeetti fakkiiwwaa ji’oomeetiriikalawaa kaasuu akka dagaagifataniif Dandeettii bu’uuraa qoyyaaboota herregaa arfan akka gabifataniif Mallattoolee herregaa, fakkiiwwanfi diyaagiraamoota akka hubataniif Seenaa dagaagina guddina herregaa akka diqisifataniif 34 / 235 Jen 34. Nammotni ba’aa ulfaataa (fkn barmeelii bishaaniin guutame) konkolaataa irratti fe’uuf ykn irraa buusuuf baachuu irra kara salphaa ta’en dalagaa kana dalageessuuf gosota maashinii armaan gadii keessa kamitti fayyadamu qabu? Bal'insa habalakaa Qottoo Iskiriiwuu Fonqolcha 35 / 235 Jen 35. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu safara guutuu qaama safartamoo fiizikaala hangaa sirriitti ibsa?. m = 9.0 kg m = 9.0 ± 0.3 m = 9.0 ± 0.3 kg m = 9.0 36 / 235 Jen 36. Dhagaan ta’e tokko gubbaa gamoo hin beekamne irraa gara gadiitti ariitii jalqabaa u tiin darbatame.Dhagaan kun yommuu lafa rukkutu ariitin isaa 3u ture.Hojjaan gamoo dhagaan kun irraa darbame meeqa? 3u^2/g 4u^2/g 6u^2/g 9u^2/g 37 / 235 Jen 37. Sochii kufaati walabaa keessatti yoo dhiibbaan qilleensa hin jiru ta’e dhagaan ulfaataa fi salphaan guula wal-fakkaataa qabu.Sababa dhagaan ulfaataan guula guddaa qabaachu dhabeef maaliif? Guulli harkisa dachee lamaanirrattuu wal-fakkaata wan ta'eef. Kufaati walabaa keessatti dhiibban qilleensaa zeeroo wan ta'eef. Inershiyaan dhagoota lamaani wal-qixa waan ta'eef. Reeshoon humnaa gara hangaa dhaabbata waan ta'eef. 38 / 235 Jen 38. Meeshaan danfisaa tokko bisaan 20g ho’istuu elektiriikii irratti ho’isuuf daqiiqaa sagal (9min) turuun tempireechari isaa 10 0c gara 75 0c jijjiramee. Yoo ho’i naanootti hin badne ta’e,Aangoon ho’insaa elektriikii kanaa meeqa? 10.11watt 5460watt 600watt 9.1watt 39 / 235 Jen 39. Rifeensa mataa guyyaa jiidhinsa hin qabne filuun filaa saanarratti chaarjii hammi isaa 1×10^-8 C ta’e yoo uume . Elektiroonota meeqatu rifeensa kee irraa gara filaatti darbe? 1.6×10^-19 elektiroonii 1×10^8 elektiroonii 3.2×10^11 elektiroonii 6.25×10^10 elektiroonii 40 / 235 Jen 40. Eebbisaan mana isaa irraa ka’ee gara bahaatti 200m, gara kaabaatti 300m, gara dhihaatti 500m fi 700m gara kibbaatti kan socho’u yoo ta’e:Hamma qaxxaamura eebbisaan deeme meeqa? 500m 200m 300m 700m 41 / 235 Jen 41. Tiraakeriin tokko guyyaa ho’a keessa gaasii liitirii 37000L baatee ture tokko bakka ture irraa kilomeetira heeddu deemuun gaasii bakka tempireecharri isaa isa duraa irra 23k gadi ta’e geesse gaasii ofirra buuse.Gaasii liitirii hagamii qabatee bakka sana ga’e?(koffisheentiin babal’achu qbee gaasicha 9.5×10^-4/0C fi koffisheentii babal’achuu kal tokke baatoo tiraakii 11×10^-6/0C) 36192L 3700L 37808L 808L 42 / 235 Jen 42. Tempireechera qaama kee himuuf meeshaa safaraa isa kam fayyadamta? Wind veenii Reengeejii Teermoomeetira Baaroomeetira 43 / 235 Jen 43. Kanneen armaan gadii keessa qabeenya mit harmasamoo kan ta’e isa kami? Bubbee Bishaan Soolaarii Boba’aa (diesel) 44 / 235 Jen 44. Turtiin ta’ii tokko kan garaagarummaa gidduu ka’umsaa fi xumurata’ii agarsiisu maal jedhama? Hanga Dheerina yeroo Qabee 45 / 235 Jen 45. Utubaan alaabaa mana barumssa jiru kanneen armaan gadii keessa isa kamiif fakkeenya gaarii ta’a? Balinsa habalakaa Puulii Fonqolcha Iskirwuu 46 / 235 Jen 46. Mismaara muka keesaa baasuuf (buqqisuuf) meeshaa filatamaan isa kami? Fonqolcha kan akka gadduum dhumarra gaafoo qabu Sirna puulii Puulii fi ulee isaa kan akka gaarii(wago) Balinsa habalakaa 47 / 235 Jen 47. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu fonqolcha sadarkaa 3ffaa miti? Ciniintuu (Piinsaa) Maqaasii (qaxxaamura) Hakaafaa Kiyyoo qurxumii 48 / 235 Jen 48. Yuunitii niwutaniin maal safaruuf gargaara? Humna Ulfaatina wantoota Anniisaa A fi B 49 / 235 Jen 49. Humni harkisa dachee lafaan wantoota irratti gaggeeffamu maal jedhama? Ulfaatina Hanga Anniisaa Guula 50 / 235 Jen 50. Nyaata nyaannu irraa anniisaan argamu Anniisaa makaanikaalaa Anniisaa keemikaalaa Anniisaa elektirikaalaa Hunduu deebii ta’u 51 / 235 Jen 51. Faayidaan vooltimeetirii maali? Anniisaa kuufamaa safaruuf Kaarentii safaruuf Ittisoo safaruuf Deebiin hin kennamne 52 / 235 Jen 52. Anniisaan Bubbee maaliif fayyada? Elektiriikii maddisiisuuf Bishaan bool’a keessaa harkisuuf A fi B Deebiin hin jiru 53 / 235 Jen 53. Meeshaa salphaafi ulfaataa ta’an iddoo walfakkaatu irraa bilisaan osoo gadhiifamee Yeroo walfakkaatu lafa gahu Wanti ulfaataan dursee lafa gaha Wanti salphaan dursee lafa gaha Deebiin hin kennamne 54 / 235 Jen 54. Kanneen armaan gadii keessaa himni dogoggora ta’e kami? Sagaleen daandii qajeelaa irraa socha’a Sagaleen bifa danbaliitin socha’a Sagaleen akaakuu anniisaati Sagaleen qilleensa caalaa vaakiyuumii keessatti socha’a 55 / 235 Jen 55. Kanneen armaan gadii keessaa danbaliin sagalee kam keessa hin sochoone? Gaasii Jajjaboo Vaakiyuumii Dhangala’oo 56 / 235 Jen 56. Kanneen armaan gadii keessaa balaa elektirikaa hir’isuuf of-eeggannoon fudhatamuu qabu kami? Meeshaalee elektiriikii iddoo daa’imman gahuu danda’an irraa fageessuu Shiboo elektiriikii pilaastikiidhaan haguuguu Yeroo roobaa wantoota elektiriikii ta’an tuquu dhiisuu Hunduu deebii ta’u 57 / 235 Jen 57. Kan sirriitti walitti hin firoomne isa kami? Termoomeetira——-Teempireecheera Dheerina————–Ulee meetiraa Hanga—————–Kiiloogiraama Saa’atii—————-saa’atii lakkooftuu 58 / 235 Jen 58. Harkisni humni dachee wantoota irratti dalageessuu maal jedhama? Ulfaatina Hanga Anniisaa Guula 59 / 235 Jen 59. Bakka dhiibbaan qilleensa hinjire irratti wantootni ulfaatina guddaa qabaniifi salphaa qaban olkaa’aa walqixa ta’e irraa yoo gad-lakkifaman: Al-takkaa lafa qubatu Inni ulfaatina guuddaa kan qabu dursee lafa qubata Inni ulfaatina salphaa qabu dursee lafa qubata Deebii hin qabu 60 / 235 Jen 60. Qaamni tokkoo boqoonnaa irra yeroo jiru: Humni irratti dalaga’u hin jiru Humni irratti dalaga’u isa inni hin qunnamu Humni irratti dalaga’u humna madaalawaadha Qaamichi vaakiyumii keessatti argama 61 / 235 Jen 61. Wantoota armaan gadii keessaa kan bocaa fi qabee murtaa’aa hinqabne kami? Dhagaa Bishaan Biyyee Kaarboondaayooksaayidii 62 / 235 Jen 62. Faalkaaleen fiizikaalawaa maaterii baay’ee beekamoo ta’an jajjaboo, dhangala’oo fi gaasii dha. Kan armaan gadii keessaa waa’ee dhangala’oo dhugaa kan ta’e kami? Dhangala’oon qabee murtaa’a qabu .Garuu boca murtaa’a hinqaban Dhangala’oon boca murtaa’a qabu. Garuu qabee murtaa’a hinqaban Dhangala’oon boca fi qabee murtaa’a qabu Dhangala’oon boca fi qabee murtaa’a hinqaban 63 / 235 Jen 63. Bishaan qabeen isaa 50ml ta’ee fi zayitii nyaataa qabeen isaa 50ml ta’e yoo walitti makte wal hin fudhatan(walkeessatti hin bulbulaman) . Kun kan agarsiisu Poolaaraa’ummmaa garaagaraa qabaachuu isaanii Qabxii danfinaa garaagaraa qabaachuu isaanii Rukkina garaagaraa qabaachuu isaanii Foolii garaagaraa qabaachuu isaanii 64 / 235 Jen 64. Ruqoolee qilleensaa keessaa kan biqilootni fayyadamanii soorata isaanii ittiin qopheeffatan kamii dha? O2 H2 CO2 N2 65 / 235 Jen 65. Kanneen armaan gadii keessaa mucuccataa kan ta’e kami? Bilokeetii Cirracha Mangoo Dhagaa 66 / 235 Jen 66. Wantoota armaan gadii keessaa jabataa kan ta’e kami? Suphee Dhadhaa Damma Xarmusiii 67 / 235 Jen 67. Adeemsa sirriin makaa ashaboo fi cirrachaa gargar baasuuf fayyadu kanneen armaan gadii keessaa isa kami? Bulbuluu→ hurkisiisuu→ dhimbiibuu Bulbuluu → dhimbiibuu → hurkisiisuu Hurkisiisuu→ dhimbiibuu → bulbuluu Gingilchuu → korkorsuu → bulbuluu 68 / 235 Jen 68. Malla ittisa manca’iinsa qabeenya bosonaa ta’u kan hindandeenye kami? Miidhaa manca’iinsi bosonaa fiduu hawaasa barsiisuu Muka tokko yoo muraan bakka busuun kan biroo dhaabuu Madda anniisaa elektirikaa fi aduu fayyadamuu Madda annisaa cilee fi qoraan fayyadamuu 69 / 235 Jen 69. Kanneen armaan gadii keessaa amala fiizikaalaa wantootaa kan hintaane isa kami? Si’aayina walnyaatinsaa Bulbulamummaa Halluu Fooli 70 / 235 Jen 70. Kanneen armaan gadii keessaa amala sibiilotaa kan hin taane kami? Dabarsoo elektiriikaafi ho’aati Battachuu danda’u Caccabuu danda’u Hunda 71 / 235 Jen 71. Mata-duree barannoo “qilleensi iddoo ni qabata” jedhu barattoota barsiisaa jirtuuf ifa taasisuuf adeemsota armaan gadii keessaa filatamaa kan ta’eisa kami? Afuuffee qilleensan guutitii barattootatti agarsiisuun barannoo waliin walqabsiisi. Yaad- rimee barattootatti himuun mata-duree barannoo biraatti darbi. Ibsa gabaabaa kennuun barattoonni akka yaadannoo fudhatan taasisi. Garee uumuun barattoonni qilleensi iddoo qabachuu fi qabachuu dhiisuu isaa irratti akka marii gaggeessan taasisi 72 / 235 Jen 72. Kanneen armaan gadii keessaa oksaayidii haayidiroojiinii kan ta’e isa kami? Kaarboondaayooksaayidii Maaginiiziyem oksaayidii Bishaan Salfardaayooksaayidii 73 / 235 Jen 73. Adeemsota armaan gadii keessaa kan oksaayidii beezawoo qopheessuu dandeessisu isa kami? Kaarboonii oksijiinii gahaa keessatti gubuun CO2 uumuu Maginiiziyemii oksijiinii gahaa keessatti gubuun MgO uumuu Salfarii Oksijiinii gahaa keessatti gubuun SO2 uumuu Naayitiroojinii oksijiinii gahaa keessatti gubuun NO2 uumu 74 / 235 Jen 74. Mana yaalii keessatti yaalii osoo hin gaggeessin dura maqaa fi bifa meeshaalee mana yaalii beekuun faayidaa maalii qaba? Qormaata yaalii irratti qabxii guddaa galmeessisuuf Yaaliin dura meeshaalee yaaliif barbaachisan daftee salphaatti argachuuf Yaaliin dura meeshaalee yaaliif barbaachisan qulqullaa’uu isaanii mirkaneeffachuuf Ajaja mana yaalii sirritti hordofuuf 75 / 235 Jen 75. Lilmoon kompaasii shiboo kaarentii qabu cinaatti yommuu qabamu kallattiin lilmoo kompaasii maaliif daba? Naannoo shiboo dirreen maagneetawaa waan jiruuf Naannoo shiboo dirreen elektikaalaa waan jiruuf Sababa dirree giraaviteeshinaalii A fi Bn deebii ta’u 76 / 235 Jen 76. Amaloota armaan gaditti kennaman keessaa haala sirrii ta’een kan walitti firoome kami? Jijjiirama fiizikaalaa ———————–anniisaa guddaa barbaada Jijjiirama keemikaalaa ——————–wanta haaraa uuma Jijjiirama keemikaalaa ——————salphaatti duubatti deebi’a Afi Cn deebii ta’u 77 / 235 Jen 77. Kanneen armaan gadii keessaa bishaan keessatti kan hin bulbulamne kami? Saamunaa Ashaboo nyaataa Alkoolii Koopparii 78 / 235 Jen 78. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu makaa miti? Qilleensa Dhiiga Aannan Ashaboo 79 / 235 Jen 79. Mana yaalii (Laaboraatorii saayinsii) keessatti yaalii gaggeessuuf qophooftee yaalii yemmuu eegaltu akka carraa dhullee dhiltuun hin jiru. Rakkoo kana hiikuuf fur maatni ati keessu maal ta’a? Hooggansi mana barumsaa akka bitu gaaffaachuu Meeshaa pilaastikaa irra fooyyeessanii hojjechuu Mana barumsa ollaa irraa ergifachuu Barannoo sana irra darbuu 80 / 235 Jen 80. Fakkiin armaan gadii faalkaa jijiirama bishaanii agarsiisuu keessatti adeemsa xiyya 1, 2 fi 3’n agarsiifamee sirrii kan ta’e kami? 1-baqsuu, 2-qabbaneessuu, 3- hurkisiisuu 1-baquu, 2-hurkisiisuu, 3-sablimeeshinii 1-baqsuu, 2-hurkisiisuu, 3-sablimeeshinii 1-qorrisiisuu, 2-qabbaneessuu,3-sablimeeshinii 81 / 235 Jen 81. Qaamoolee miiraa kanneen keessaa lallaafinaafi shaakaraa’uu wantootaa kan adda baasu: Funyaan Ija Gogaa Araba 82 / 235 Jen 82. Karaaleen ijoon HIV’n ittiin daddarbu: Dhiigaa walii dabarsuun Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne Meeshaalee qara qabeeyyii waliin fayyadamuu Hunda 83 / 235 Jen 83. Bishaan maaliin faalama? Koosiiwwan mana keessaa gatamuun Peetirooliyeemii Koosiiwwan haftee qonnaa irraa gatamuun Hunda 84 / 235 Jen 84. Qaamolee bishaanii armaan gadii keessaa kamtu bishaan dhugaatiif hin oolu? Garba Bishaan lagaa Haroowwan Hara (ponds) 85 / 235 Jen 85. Bidoollee bishaanii keessatti gulantaa soorataa 1ffaa kan ta’e kami? Qurxummii Faayitoopilaankitanii Zoopilaankitanii Shaarkii 86 / 235 Jen 86. Bishaan faalame maal fidaa? Fayyummaa namaa fooyyeessa Hamma oksijiinii bishaan keessaa xiqqeessa Wal-hormaata lubbuu qabeeyyii bishaan keessaa dabala Humnaa ol baayyachuu biqilootaa bishaan keessatti dabala 87 / 235 Jen 87. Kanneen armaan gadii keessaa ilbiisota gamtaa kan hin taane isa kami? Rirma Goondaa kanniisa Boombii 88 / 235 Jen 88. Ilbiisota armaan gadii keessaa koochoo kan hin qabu? Goondaa Boombii Bararoo Deebii hin qabu 89 / 235 Jen 89. Bineensota armaan gadii keessaa kan tempireechara qaamaa dhaabbataa ta’e qabu kami? Qurxummii Naacha Hantuuta Fattee 90 / 235 Jen 90. Kanneen armaan gadii keessaa dukkubni bishaan faalameen dhufu kami? Busaa Daranyoo sonbaa Koleeraa HIV/AIDS 91 / 235 Jen 91. Qurxumiiwwaan, amfiibiyaanooni, reptaayiloota, sinbiroowwaniifi hoosiftootni amaloota waliin qaban kan ta’e kami? Ho’a qaamaa dhaabbataa hin taane qabaachuu Hanqaaquu buusuu Lafee dugdaa qabaachuu Ho’a qaamaa dhaabbataa qabaachuu 92 / 235 Jen 92. Kanneen armaan gadii keessaa kan lafee dugda hin qabne jalatti ramadamu kam? Saawwa Cilaalluu Lootuu Fattee 93 / 235 Jen 93. Bineeldonni naannoo mana jireenya dhala namaatti madaquun jiraatanii fi tajaajila kennan maal jedhamu?: Bineensota bosanaa Beeyladoota Lubbu-maleeyyii Adurree fi saree 94 / 235 Jen 94. Funcaa soorataa armaan gadii keessatti Jeedalli;Marga—–> Hoolaa ——> Jeedala —-> Rumicha Soorattoo 1ffaa Soorattoo 2ffaa Soorattoo 3ffaa Soorattoo 4ffaa 95 / 235 Jen 95. Pirootiiniin caasaalee akka gaafaa,qeensaa fi rifeensa bineeldotaa ijaaruuf oolu isa kami? Kollaajiinii Mayoosiinii Maayoogiloobinii Keeraatiinii 96 / 235 Jen 96. Bullaa’iinsi pirootiinii eessatti eegalaa? Garraacha Mar’imaan qal’aa Afaan Mar’imaan furdaa 97 / 235 Jen 97. Orgaanizmoonni qaama orgaanizimoota du’anii diiguun marsaa wantootaa mijeessan isaan kami? Maxxantoota Qopheessitoota Burkuteessitoota Nyaattota 98 / 235 Jen 98. Orgaanizmoota hariiroo koomensaalizimii qaban gidduutti maaltu ta’a? Tokko miidhamee tokko ni fayyadama Tokko yoo fayyadamu tokko hin fayyadamus hin miidhamus Lamaanuu ni fayyadamu Hunduu deebiidha 99 / 235 Jen 99. Kanneen armaan gadii keessaa hawaasa orgaanizimoota hedduu fi hariiroo walxaxaa kan qabate isa kami? Bosona Lafa margaa Gammoojjii A fi B 100 / 235 Jen 100. Bu’aa biqilootaa kan hin taane kami? Kuufama kaarboondaayooksaayidii atimoosfeerii keessaa xiqqeessuuf Kuufama oksijiinii atimoosfeerii keessaa xiqqeessuuf Dhiqama biyyee hambisuuf Marsaa bishaaniif 101 / 235 Jen 101. 101.Marsaa wantootaa armaan gadii keessaa kan biqiloonni kallattiidhaan itti hinfayyadamne kami? Marsaa naayitiroojiinii Marsaa kaarboonii Marsaa Deebii hinqabu 102 / 235 Jen 102. Kanneen armaan gadii keessaa isaan biroo waliin haariiroo xiqqaa kan qabu kami? Xaafii Boqqoolloo Qamadii Aannan 103 / 235 Jen 103. Fakkaattiin retiinaa irratti uumamu osoo sammuudhaan hiika hinargatin kan armaan gadii keessaa kam fakkaata? Dhugoo, ol qajeelaa fi guddaa Dhugoo,gombifamaa fi xiqqaa Dhugoo, ol qajeelaa fi xiqqaa Dhugoo,gombifamaa fi guddaa 104 / 235 Jen 104. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamtu kan biroo irraa adda? Geejjiba Uffata Nyaata Mana jireenyaa 105 / 235 Jen 105. 105. Kanneen armaan gadii keessaa walitti hidhamiinsi qaamaa fi dalagaan isaa dogongora ta’e mul’isu isa kami? Arraba – Dhandhamuu Gurra – Madaala qaamaa Funyaan – Fuunfachuu Gogaa – Keemikaala addaan baasuu 106 / 235 Jen 106. Qaamolee armaan gadii keessaa qaama raabsituu kan ta’e kami? Onnee Somba Kalee Gogaa 107 / 235 Jen 107. Kanneen armaan gadii keessaa kan dalagaa dhiigaa hin taane isa kami? Oksijiinii geejjibuu Dhukkuba ittisuu Dhaamsa sammuu irraa fuudhee geejjibuu Kaarbondaayoksaayidii geejjibuu 108 / 235 Jen 108. Nama gartuu dhiigaa “O” qabu ilaalchisee kamitu sirrii dha? Hunda irraa fudhata. Gartuu "O" qofarraa fudhata. Gartuu"O" qofaaf kenna. Deebii hin qabu 109 / 235 Jen 109. Caasaa onnee namaa irratti huut-lameen kan argamu eessatti? Oorikilii mirgaa fi Veentriikilii mirgaa jidduutti Veentirikilii mirgaa fi Orikilii bitaa jidduutti A’oortaa fi veenaakaavaa jidduutti Veentirikilii bitaa fi Oorikilii bitaa jidduutti 110 / 235 Jen 110. Sirna marsaa dhiigaa namaa ilaalchisee kan sirrii hintaane kami? Marsaa dhiigaa dachaa dha. Marsaa dhiigaa banaa dha. Marsaa dhiigaa sirnaawaa fi Sombaawaadha. Deebiin hinjiru 111 / 235 Jen 111. Karoorri maatii maaliif fayyadaa? Qarshii quusachuuf Eeggannoo daa’immaniif gochuuf Rakkoo mana jireenyaa furuuf Hunda 112 / 235 Jen 112. Marsaan laguu dubartootaa yoo dhaabbate maal shakkuu dandeessa? Ulfa Menoopoosii Ovuleeshiinii A fi C 113 / 235 Jen 113. Rh faaktarii(Rh factor) abbaa fi haadhaa armaan gadii keessaa kan miciree irratti rakkoo uumuu danda’u isa kami? Abbaa Rh+ fi Haadha Rh+ Abbaa Rh- fi Haadha Rh Abbaa Rh+ fi Haadha Rh Deebii hinqabu 114 / 235 Jen 114. Argama dhugaa Naannoo Oromiyaa kennuuf kamtu irra-caalatti filaatama dha? Argama Bir-qabaa B Argama qaama dacheen kennamu Argama Astiroonoomii A fi B 115 / 235 Jen 115. Kallattii Kibbaatiin Itoophiyaa kan daangeessu: Suudaan Suudaan Kibbaa Eeritiriyaa Somaaliyaa 116 / 235 Jen 116. Teessuma lafaa Itoophiyaatti bu’a ba’iitu itti baay’ata. Teessumni lafaa kun gara caaluu sababa humna kamiin kan uumamee dha? Humnoota teektooniikii keessa lafaa dhufuun Humnoota irra lafaatii ka’uun Dhiibbaa gochaa dhala namaatiin Harama biyyee 117 / 235 Jen 117. Rakkoo ongee ammaa amma dhaqabu dandamachuuf hawaasni qonnaa maal gochuu qaba? Oomisha qonnaa dabaluu Lakkoofsa qoteebulaa baay’isuu Bosona mancaasuufi dachee qonnaaf fayyadamuu Deebiin hin kennamne 118 / 235 Jen 118. Ummata Itoophiyaa keessatti garee umurii kamitu danata? Ga’eessot Ijoollee Manguddoota Dubartoota 119 / 235 Jen 119. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamitu faca’iinsa ummata Itoophiyaa irratti dhiibbaa hin qabu? Duuddubee amantii Faca’insa roobaa Sochii dinagdee Duuddubee seenaa 120 / 235 Jen 120. Isa kamitu jijjiirama naannoo uumamaatiif ka’uumsa hin ta’u? Gubachuu foosiilii Ho’u addunyaa Dhoo’insa volkaanoo Baay’ina ummataa 121 / 235 Jen 121. Kanneen armaan gadii keessaa tokko faayidaa lubbuu qabeeyyii naannootti argaman irraa argannu keessatti hin dabalamu: Madda annisaa Madda nyaataa Naannoo qulqulleessuu Naannoo faaluu 122 / 235 Jen 122. Biyyaa keenyaa keessatti gosa geejjiiba isa kamtu tajaajila bal’ina qabu kennuun beekama? Geejjiiba keebilii Geejjiba lafarraa Geejjiba qilleensarra Geejjiba bishaanirraa 123 / 235 Jen 123. Haalli jireenya hawaasaa Itoophiyaa caalaa bu’uura kan godhate sochii dinagdee armaan gadii keessa isa kam irratti? Daldala Qonna Warshaa Turizimii 124 / 235 Jen 124. Haala qonna Itoophiyaa ilaalchise kan dhugaa ta’e kami? Gosa qilleensa walfakkaataa ta’e keessatti raawwatama. Baay’inaan fedhii maatii guutuuf oola. Gabaa irraatti xiyyeeffatame oomishama. Mala ammayyaan rawwaatama 125 / 235 Jen 125. DTarsiimoo misooma dinagdee walitti fufaa ilaalchisee kan sirrii hin ta’iin kami? Qabeenyaa jiru dugguguun itti faayyadamuu Carraa filaanno gosa dinagdee bal’isaa Qulqullina sadarkaa jireenyaa fooyyeessa Carraa filaannoo hawaassummaa bal’isaa 126 / 235 Jen 126. Garaagarummaa bal’aa guddina diinagdee fi baay`ina uummata gidduu jiru dhiphisuuf mootummaan Itoophiyaa imaammata ummataa qopheessee hojiirra olchaa jira. Imaammanni ummata biyyooleessa Itoophiyaa kun isa kami? Imaammata dhalata daa’immaanni xiqqeessuu Imaammata dhalata daa’immaanni jajjabeessuu Imaammata du’a haadhoolii xiqqeessuu Imaammata guddina diinagdee jajjabeessuu 127 / 235 Jen 127. Haalawwan guddina warshaa aadaa biyya keenyaa irratti dhiibbaa kan hin qabne isa kami? Tajaajila liqii argachuu dhabuu Waldaan gurmaa'anii hojjechuu dhabuu Walitti hidhamiinsa gabaa bal’aa qabaachuu Muuxannoo nama dhuufaa irratti hirkachuu 128 / 235 Jen 128. Biyya keenyaa keessatti gareen hawaasaa warshaa aadaatiin bulaanii haalli jireenya isaanii sadarkaa gadii aanaa irraatti argama. Haala kanaaf sababni maali? Warshaa ammayyaan baay’inaan waan jiruuf. Hawaasni ilaalcha gaarii hin qabuuf. Gumaachi dinagdee keessatti qabu xiqqaa waan ta’eef. Namni baay’een hojii kana irratti bobba’ee waan jiruuf. 129 / 235 Jen 129. Kanneen armaan gadii keessaa faayidaa bosonaa kan ta’e isa kami? Dahoo bineensota bosonaati Albuuda baasuuf Qonnaaf ooluu Qurxummii kiyyeessuuf 130 / 235 Jen 130. Haala qonna Itoophiyaa ilaalchise kan dhugaa ta’e kami? Baay’inaan fedhii maatii guutuuf oola. Gosa qilleensa walfakkaataa ta’e keessatti raawwatama. Gabaa irraatti xiyyeeffatame oomishama. Mala ammayyaan rawwaatama. 131 / 235 Jen 131. Faalama qilleensaaf sababa jalqabaa yookiin duraa kan ta’e isa kami? Gaazota warshaa keessaa bahan Sirna yaa'insa bishaanii seeraan alaa Balfaa magaalaa bakka mijataa hin taanetti gatuu Ijaarsa daandii 132 / 235 Jen 132. Jijjiiramni qilleensa baramaa dhiibbaawwaan akkami naannoo uumamaa fi hawaasa irratti geessisa? Babal’achuu dhibee gammoojjii Liqimfamuu odola fi qarqaraa garbaa Hammi fi wayitiin roobaa jijjiiramu Hunduma 133 / 235 Jen 133. Kan armaan gadii keessaa tokko dhiibaa aadaa alaa magaalota Itoophiyaarra gahuu miti. Guyyaa kabaja ayyaanaa Muuziqaafi haala aartin walqabate Haala uffannaa huccuu Amantii 134 / 235 Jen 134. Kan armaan gadii keessaa tokko mancaa’insa uumamaan hambaalee duriirra gahuu miti. Saamicha Babal’achuu aramaa Soogiddaan baduu Abidda 135 / 235 Jen 135. Gosa qabeenyaa uumamaa kanaa gadii keessaa isa kamitu bakka hundatti hin argamu? Ifa aduu Qilleensa Warqii Bineensoota 136 / 235 Jen 136. Qabeenyaa uumamaa waliitti fufiinsa akka qabaatu gochuu keessatti gaheen hawaasaa maal ta’u qaba jette yaada? Irra-deebii itti fayyadamu qabeenyaa Oomishitummaa lafa qonnaa jala jiruu ol guddisuu Qabeenyaa uumamaa abshaalummaan ittii fayyaadamu Hunduma 137 / 235 Jen 137. Kan armaan gadii keessaa kamtu mancaa’insa hambaalee durii namtolchee miti? Meeshaalee socha’oo bakka tokkotti yeroo dheeraaf waliin kuusuu. Kemikaalota barbaachisoo hin taane fayyadamuu. Ilbiisota Miidhaa waraanaan gahu 138 / 235 Jen 138. Kan armaan gadii keessaa waa’ee karaalee kunuunsa iddoowwan hambaalee durii addaa sirriidha? Foramii ummataa adda addaa fayyadamuun hambaalee durii kunuunsuu. Carraa dahoo hambaalee duriitiif ijaaruu kennuun. Gumiilee kunuunsa hambaalee durii jajabeessuun. Hunduu deebiidha. 139 / 235 Jen 139. Kan armaan gadii keessaa kamtu fakkeenya faayidaa bosonaati? Haala qilleensa baramaa iddoo to’achuu Akka bakka jireenyatti tajaajiluu Akka madda galiitti fayyadamuu Hundaa 140 / 235 Jen 140. Meeshaan hammi roobaa ittiin safaramu Termoomeetirii Reeyin geejii Baaroomeetirii Aneemoomeetirii 141 / 235 Jen 141. Fiixeen olka’iinsa teessuma lafa Itoophiyaa kan armaan gadii keessaa tokko keessatti argama. Gaarreen giddugala Kaabaa Dachee olka’aa Tigraay Gaarreen Arsii-Baalee Pilaatoo giddugaleessaa 142 / 235 Jen 142. Haroo sulula qiinxamaa kan hin taane isa kami? Shaallaa Abaayaa Xaanaa Hawaasaa 143 / 235 Jen 143. Sirna yaa’insa lagaa ijoon sulula qinxamaa Itoophiyaa keesssatti argamu: Abbaay Wabee Shabalee Awaash Baaroo 144 / 235 Jen 144. Kanneen armaan gadii keessaa tokko naannoo hawaasummaa miti. Daandii asfaaltii Hospitaala Manneen barnootaa Biyyee 145 / 235 Jen 145. Haala baruu fi barsiisuu mijeessuuf, qulqullina barnoota mirkanessuf, garaagarummaa aadaa barattoota giddu jiru hubachuun dhimmoota armaan gadii keessa kami irratti xiyyeefachuutu barbaachisaa dha? Barsiisaa fi baratoonni waliin hojjachun bu'a fiduu qabu. Hirmaannaa barattootni dhimmota hawaasumma keessatti qaban cimsuu Barattoota murtii murteessuu keessaati akka hirmaatan sisi’eessuu Hunduu deebii dha 146 / 235 Jen 146. Kanneen armaan gadii keessaa madda beekumsa idilee kan ta’e kami? Barnoota Naannoo Ummata Bulchiinsa 147 / 235 Jen 147. Safuu gaarii hawaasa Itoophiyaa kan hin ta’ane kami? Hangafa kabaju Yeroo kabaju dhiisuu Jaalala biyyaa Deebii hin qabu 148 / 235 Jen 148. Amala nama bilchina safuu qabu kan hin taane kami? Faayidaa ofiif dursaa kenna Sababaan hoogganama Namaaf kabaja kenna Deebii hin qabu 149 / 235 Jen 149. Agarsiistootaa siiviksii gaarii kan ta’e kami? Amanamummaa Dammaqinaan hirmaannaa hawaasaa Dabareen walgargaaruu Hunduu deebii dha 150 / 235 Jen 150. Duudhaa safuu ilaachisee kan sirrii hin taane kami? Duudhaan safuu istandardi gocha keenyaa fi warra biroo ittiin madaalludha. Duudhaan safuu yeroo irraa yerootti hawaasa irraa hawaasatti garaagara miti Haalli hawaasaa wayita jijjiiramu duudhaan safuu ni jijjirama Deebii hin qabu 151 / 235 Jen 151. Barbaachisummaan hirmaannaa hawaasa mana barnoota keessatti godhu: Qulqullina barnootaaf Naamusaa barataa to’achuuf Bulchiinsa mana barnoota to’achuuf Hunduu deebii dha 152 / 235 Jen 152. Aadaan dimokiraasii kolleejjii keessatti akka daggaguu gaheen siirraa eeggamuu kami? Ittigaafatamummaa fudhachuu Gumii keessatti si’aayinaan hirmachuu Daree keessatti si’aayinaan hirmachuu Hunduu deebii dha. 153 / 235 Jen 153. Kanneen armaan gadii keessaa kan itti gaafatamummaa fi gahee barsiisaa BLAG hin taane isa kam? Karaa walqixa hin taaneen barattoota keessummeessuu Uffannaa bakka isaaf ta'e seeraan uffachuu Haala addunyaa qabatamaa ibsuuf muuxannoo isaa itti fayyadamuu Ogummaa isaa tursiisuu 154 / 235 Jen 154. Namni tokko maati isaa bulchuu, ijoollee barsiisuun isaa itti-gaafatamummaa armaan gadii keessaa kam bahu agarsiisa? Ittigaafatamummaa siyaasaa Ittigaafatamummaa siiviilii Ittigaafatamummaa dhuunfaa Ittigaafatamummaa diinagdee 155 / 235 Jen 155. Wantootni namoonni gocha sababa irratti hundaa’e akka hin raawwanne godhan maal fa’a? Faayidaa dhuunfaaf dursa kennuu Bulchiinsi gaariin dhabamuu Gahumsa dhabuu Hunduu deebii dha 156 / 235 Jen 156. Dirqisiisanii gudeeduun shamarran irratti rakkoo qaamaa akkaami fidu danda’a? Dhiigni baay’een dhangala’uu ni danda’a. Carraa heerumaa dhabuu Ofitti amanuu dadhabuu Qaaneefachuu 157 / 235 Jen 157. Daa’imummaan heerumuun shamarranii rakkoo akkaami itti fidu danda’a? Carraa barnoota shamarranii guba Dinagdee biyyaa irraatti miidha fida Mirga shamarranii ni sarba Hunduu deebii dha. 158 / 235 Jen 158. Adeemsi daangaa murtaa’e keessatti aangoo olaanaa fi isa dhumaa qabaachuun maal jedhama? Birmadummaa Dimokiraasii Olaantummaa seeraa Heera 159 / 235 Jen 159. Namoonni gocha sababa irratti hundaa’e akka hin raawwanne wantoonni godhan maalfa’a? Faayidaa dhuunfaaf dursa kennuu Bulchiinsi gaariin dhabuu Gahumsa dhabu Hunda 160 / 235 Jen 160. Waadaa hiriyyaa keetiif galtee kan guutuuf dirqama armaan gadii keessa kam guutuuf? Dirqama Seera Dirqama Siyaasaa Dirqama Safuu Dirqamaa dinagdee 161 / 235 Jen 161. Barataa daree keessatti jeequun adeemsa baru-barsiisuu gufachiisu to’achuun gahee eenyuuti? Barattoota Muusee daree Barsiisaa Hunda 162 / 235 Jen 162. Aadaa Oromoo keessatti seerri hariiroo qaama kaminuu wajjiin godhamu kami? Seera biyyooleessaa Seera safuu Seera idilee Seera uumamaa 163 / 235 Jen 163. Kanneen armaan gadii keessaa ittigaafatamummaa lammiileen hundi bahuu qaban kami? Hambaalee seenaa kunuunsuu Nageenya biyya eeguu Ittigaafatamummaa seera bahuu Hunda 164 / 235 Jen 164. Jaalalli biyyaa maaliin ibsama? Barachuu dhabuu Gootummaa Ofittummaa Abbaa irrummaa 165 / 235 Jen 165. Kanneen armaan gadii keessaa qajeelfamaafi sona sirna dimookiraasii kan hin ta’e kami? Hirmaannaa hawaasaa Mirgaa garaagarummaa tokko malee filuu fi filatamuu Iftoominaafi gaafatamummaa Caasaa bulchiinsaa 166 / 235 Jen 166. Hooggansa garee guddaa fi kabajamu mirga garee xiqqaa jechuun: Sagalee garee guddaa irratti hunda’uun murtii kennuu fi mirga garee xiqqaa kabaju Yaada adda addaa ka’uu daangessuu Murtii garee guddaa raawwachuun dirqama deeggartoota qofa Murtiiwwan al- dimookiraatawaa ta’an raawwachuuf ummani dirqama qaba 167 / 235 Jen 167. Mirgaa fi dirqama ilaalchiisee dhugaa kan hin taane kami? Dirqama bahuun mirga ofiitti fayyadamuuf barbaachiisaadha Mirgi lammiiwwan kabajuun dirqama mootummaati Mirgoonni fi dirqamoonni adda ba’uu hin danda’an Lammiiwwan malee mootummaan mirga hin qabu 168 / 235 Jen 168. Akka heera FDRI tti mirga daa’iimmanii kan hin taane kami? Mirga adabbii qaamaa irraa bilisa ta’uu Mirga Maqaa fi lammummaa argachuu Mirga jiraachuu Mirga qabeenyaa horachuu 169 / 235 Jen 169. Amantiifi aadaa ofiitti gargaaramuun waliin jiraachuu fi amantii fi aadaa namoota biroo kabajuu yaadni jedhu kami ilaala? Walqixxummaa Waldanda’uu Olaantummaa seeraa Birmadummaa ummataa 170 / 235 Jen 170. Kanneen armaan gadii keessaa gahee dippiloomati ilaalchiise soba kan ta’e kami? Odeeffannoo funaanuu Fedhii lammiilee biyya alaa jiraatani eegsisuu Biyyaa alaatti biyya ofii bakka bu’uu Seeraa tumuu 171 / 235 Jen 171. Heerri seerota waliigalaa kan hammatuufi dhimmota xixiqqaa keessa kan hin seeneedha. Amala olaantummaa heeraa Amala waliigala heeraa Amala yeroo dheeraa turuu heera Amala heerri salphaatti kan hin jijjiramane ta’uu 172 / 235 Jen 172. Kanneen armaan gadiii keessaa qajeelfama bu’uuraa heera MFDRI kan hin taane kami? Birmadummaa ummataa Adda ba’iinsa mootummaa fi amantii Seeraa sirna dhabeessaa Olaantummaa heeraa 173 / 235 Jen 173. Olaantummaa seeraa ilaalchiisee sirrii kan ta’e kami? Namoonni seera duraatti walqixxa mit Abbootiin aangoo fedhii dhuunfaa isaani irratti hunda’uun murtii kennuu danda’u Akkummaa eenyummaa isaanitti namoonni seera gadii fi ol ta’uu danda’u Bu’uuraa utubaa dimookiraasiiti 174 / 235 Jen 174. Kanneen armaan gadii keessaa bu’aa dhabamu olaantummaa seeraa kan hin taane kami? Jeeqama siyaasaa Kabajamuu mirgoota ummataa Waraanaa waliin waliin Loogummaa 175 / 235 Jen 175. Barsiisaan karoora barannoo hin qabne maal hin beeku: Akka itti barsiisuu Maal akka barsiisuu Maaliif akka barsiisuu Hunda 176 / 235 Jen 176. Adeemsa baruu-barsiisuu daree barnootaa keessatti gochi dursa raawwatamu: Dhiyeessii Seensa Cimsuu Mirkaneeffachuu 177 / 235 Jen 177. Karoora barannoo maal irratti hundaa? Qabiyyee Baay’ina barataa Jiraachuu meeshaalee barnootaa Hunda 178 / 235 Jen 178. Qophii karoora barannoo irratti kutaan barsiisaan tokko galma ga’iinsa kaayyoo isaa itti mirkaneeffatu irra caalaa kutaa karooraa isakam keessatti? Dhiyeessa Guduunfaa/cimsa Seensa .Gocha barsiisaa 179 / 235 Jen 179. Kaayyoon barnootaa kan dagaagina oogummaa waa kalaquu barattootaa irratti hundaa’uun qophaa’u isa kami? Kaayyoo murna ilaalchaa Kaayyoo murna yaad-sammuu Kaayyoo murna qaam-sammuu Kaayyoo saaduu 180 / 235 Jen 180. Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti faayidaa karooraa kan hintaane kami? Qabiyyee baratamu alaa akka barsiisan gargaara Ofitti amananummaa barsiisaaf dabala Irra deddebii qabiyyee hambisa Hojii baruu barsiisuu qindaawaa taasisa 181 / 235 Jen 181. Kan armaan gadii keessaa kaayyoon baruu -barsiisuu irratti xiyyeeffachuu kan hinqabne kami? Qabiyyee Barsiisaa Barataa Yeroo 182 / 235 Jen 182. Kanneen armaan gadii keessaa karoora barannoo keessatti kan hin hammatamne: Kaayyoo biragahamu Tartiibaafi gochaalee daree keessatti raawwataman Amala barsiisaa Waan baratootni barachuu qaban 183 / 235 Jen 183. Gaaffilee bu’uuraa karoora baranno keessatti akkamittan barsiisa gaaffiin jedhu maal agarsiisa? Qabiyye barnootaa Meeshaalee deeggersa barnootaa Mala baruuf barsiisuu Kaayyoo 184 / 235 Jen 184. Xumura barnoota kanaa irratti barattootni waa’ee ilbiisotaa ni tarreessu. Kaayyoon barannoo kun maal of keessaa dhabe? Murtaawaa ta’u Safaramuu Biragahamuu Yeroo danga’ee 185 / 235 Jen 185. Baraachuun akkaataa kamiin hiikamuu danda’a? Guddina fiizikaalawwafi baayoloojiikaalawaa qaamaafi kutaalee qaamaa Jijjiirama amalaa dhaabbataa hamma ta’een fiduu Jijjiirama uumamaa dabaluu ummuriin dhufu Hunda 186 / 235 Jen 186. Beekumsi oggummaan yaaduu “akkamittiifi maaliif” jedhu adeemsa baraachuu murna kam jalaatti ramadama? Murna beekumsaa Murna ilaalchaa Murna qaam-sammuu Hunda 187 / 235 Jen 187. Beekumsa baraachuun argamuu dhiibaa akkamii qaba? Bilchina qaamaa Walitti dhufeenya hawaasummaa Muuxannoo jireenyaa Hunda 188 / 235 Jen 188. Kanneen armaan gadii keessaa amala irra deddeebiin barachuu barattootaa kan dabalu maali? Addabbii Amileessuu Mogolee buusuu Jibba agarsiisuu 189 / 235 Jen 189. Wantootni baranoota irratti akka waliigalaatti dhiibbaa geessisan: Uumama Naannoo Uumamaafi naannoo Deebii hin qabu 190 / 235 Jen 190. Muuxannon barsiisummaan ykn malleen barsiisuu fooyya’aa kan deemu: Yeroo leenji’an Feedhii barsiisaa irraa Feedhii dhiibbaa mana barumsaa ykn hawaasaan Hunda 191 / 235 Jen 191. Hoggansi daree kan inni hammatu: Hordoofii to’annoo dareeiin Sochiifi amala barattootaa hordoofuun Haala daree barnootaa fooyyeessuun Hunda 192 / 235 Jen 192. Gosa hooggansa daree barnootaa keessaa amala gaarii kan hin ibsne kami? Maqaa barattootaa beekuu Haala taa’umsa barattoota sirna qabeessa gochuu Gaaffileef deebii sirrii kennuu Karooraafi qophii gahaa ta’e dhabuu 193 / 235 Jen 193. Agarsiisa abaaboo daree keessatti gaggeeffamu keessa isa kamtu irra caalaatti filatamaadha? Abaaboo roozii Ababoo xaafii Abaaboo qamadii Abaaboo boqqolloo 194 / 235 Jen 194. Malli barsiisaan tokko fakkeenyota qabatamoo adda addaa ibsuun isa irratti hundaa’ee yaada walii galaa yaada kanaa bira gahu mala maalii jedhama? Mala agaree Mala jiksoo Mala didaaktiivii Mala indaaktiivii 195 / 235 Jen 195. Malli hubannoo dogoggoraa daa’immanii sirreessuuf barsiisaa gargaaru isa kami? Adda baasuu Deeggaruu Sirreessuu Hunduu sirriidha 196 / 235 Jen 196. Mala baruu-barsiisuu armaan gadii keessaa kan adda ta’e kami? Mala yaada maddisiisuu Mala gaaf-argannoo Mala od-ibsa Mala gahee taphachuu 197 / 235 Jen 197. Adeemsi baruu-barsiisuu bu’a qabeessi kam irraa kamtti deemuu qaba? Waan hinbeekamne irra gara isa beekamuutti Walxaxaa irraa gara salphaatti Goree irraa gara goorootti Hunda 198 / 235 Jen 198. Filannoon mala baruu-barsiisuu tokko maal irratti hunda’a? Umurii barataa Sadarkaa barnoota barataa Qabiyyee barnootaa Hunda 199 / 235 Jen 199. Sansakni barsiisummaa kan ta’u qabu: Obsaa ta’uu qaba Ejjennoo gaarii qabaachuu Fayyummaa qaamaafi haalatti madaaqaa Hunda 200 / 235 Jen 200. Adeemsa baruu-barsiisuu haala gaariin daree keessatti gaggeessuuf? Muuxannoo barattootaatti fayyadamuu Miidiyaa baruu-barsiisuu fooyya’uutti fayyadamuu Adda addummaa dandeetti barattoota keenyaa hubachuu Hunda 201 / 235 Jen 201. Kanneen armaan gadii keessaa faayidaa madaallii kan hin taane? Barattota mana barumsaatii ari’uu Barattotni barnoota kennamu hagam akka fudhatan to’achuu Hirmaannaa barattootaa beekuu Ragaa dhiibaan barsiisuu fidu argachuu 202 / 235 Jen 202. Tuuta armaan gadii keessa kan meeshaalee quunnamtii taa’an: Televezyiinii,bilbila,raadiyoo fi termoomeetira Maayikirooskooppi,termomeetira,raadiyoo fi bilbila Televezyiinii,bilbila,raadiyoo fi kompiitara Firiijii, bilbila,raadiyoo fi kompiitara 203 / 235 Jen 203. Kanneen armaan gadii keessaa akka meeshaalee madaalliitti kan nu hinfayyadne? Abbaltii Yaalii Hojii garee Deebii hin qabu 204 / 235 Jen 204. Iyyafannoon filatamaan mariin tokko gaggeeffamee booda furmaata battalaa kennuuf gaggeeffamu isa kami? Iyaafannoon walitti fufaa Iyaafannoon xumuraa Hojii piroojeektii Hojii dirree 205 / 235 Jen 205. Iyyaafannoon qulqulina olaanaa qabu tokko maal irraa bilisa ta’uu qaba Waalta’inna qabaachuu Sirrummaa qabaachuu Loogii Galtee barsiisaa yeroo gaaffilee qopheessuu 206 / 235 Jen 206. Kanneen armaan gadii keessaa kan rakkoolee iyyaafannaaf argannoo saayinsaawaa hin tane kami? Dandeettii barattootaa hubannoo keessa galchuu dhabuu. Leecalloon guutumaa guutuutti dhihaachuu dhabuu. Ragaa waa’ee barattootaa ibsu qabaachuu. Iyyaafannaa dandeettii barataa ol ta’e qopheessuu. 207 / 235 Jen 207. Kanneen armaan gadii keessaa leenjifamtoonni caalaatti tilmaamaan akka deebisaniif kan saaxilamaa ta’e: Filannoo Firoomsii Dhugaa yookiin Soba Deebii gabaabaa kennuu 208 / 235 Jen 208. Kanneen armaan gadii keessaa yeroo barattoota tokko shaneen ijaaru akka ulaagaatti kan hin fudhatamne: Koorniyaa barattootaa Garaagarummaa dandeetti barattootaa Amala barattootaa Hunda 209 / 235 Jen 209. Adeemsi odeeffannoo raawwii barattootaa safaramaa ta’e ittiin funaanu: Af-gaaffii Safarrii Daawwannaa B fi C 210 / 235 Jen 210. Barattootni barsiisota abba irreen baratan amaloota isaan hin dagaagfane: Hirkattummaa Jibbaafi dheekamaa ta’a Hiriyummaa Hojii garee keessatti kaka’umsa dhabuu 211 / 235 Jen 211. Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti madaalliin kan gaggeeffamu: Baruu-barsiisuu dura Baruu-barsiisuu booda Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti Hunda 212 / 235 Jen 212. Kamitu ogummaa qindoominaa barachuu daa’immanii agarsiisa? Raaguu Mala dhahuu Safaruu Daawwachuu 213 / 235 Jen 213. Kanneen armaan gadii keessaa inni tokko ogummaa saayinsaa bu’uuraati. Raaguu Moodelii Yaalii Mala dhahu 214 / 235 Jen 214. Barsiisaan daa’imman yoo barsiisu kan gochuu hinqabne kami? Barattootatti dheekkamee callisiisuu Barumsa gochaan deeggaruu Gaaffiilee isaanii jajjabeessuu Haala gaaffilee isaanii itti deebisan barsiisuu 215 / 235 Jen 215. Kanneen armaan gadii keessa tokko caasaa fi amaloota garaagaraa irratti hunda’uun wantoota haala walfakeenya fi garagaarummaa isaaniin ka’uuf kan oluu mala saayinsawwa keessaa isa kami? Safaruu Qindeessuu ykn raamaduu Qunnamtii gochuu Raaguu 216 / 235 Jen 216. Ogummaan dandeettii beekumsa “akkamittii” fi “maaliif” jedhu yaaduu maal keessatti ramadama? Murna yaad-sammuu Murna ilaalchaa Murna qaam-sammuu Hunda 217 / 235 Jen 217. Barachuun murna yaad-sammuu maaliin dhiibbaan irra gaha? Guddina fiizikaalaa Hariiroo hawaasummaa Muuxannoo barattootaa Hunda 218 / 235 Jen 218. Baraachuun akkaataa kamiin hiikamuu danda’a? Guddina fiizikaalawwafi baayoloojiikaalawaa qaamaafi kutaalee qaamaa Jijjiirama amalaa dhaabbataa hamma ta’een fiduu Jijjiirama uumamaa dabaluu ummuriin dhufu Hunda 219 / 235 Jen 219. Kaayyoon baruu barsiisuu barnoota herregaa sadarkaa 1ffaa galma barbaadame armaangadii iddoon gahuuf fi kanneen armaan gaditti eeraman hunda tokko irraa kan hafe: Tarmii artimeetikii fi mallattoolee Yaad-rimee tiyooramootaa ,pooschuleetootaa fi mirkanoota isaanii waliin Yaad-rimee lakkoofsotaa Yaad-dhggooma herregaa fi adeemsa gatiiwwan mana lakkoofsotaa hariiroo bu’uuraa arfnii 220 / 235 Jen 220. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu akka beekumsa kaayyoo baruu barsiisuu herregaa keessatti fudhatamaa ? Dandeettii danaalee ji’oomeetirii ijaaruu yka kaasuu guddisuu Dandeettii qoyyaboota bu’uuraa arfaniin ittiin qayyabuu guddisuu Mallattoolee fakiiwwanii fi danaalee herregaa waliin walbarsiisuuf Seenaa guddina herregaa akka ajaa’ibsiifataniif 221 / 235 Jen 221. Kaannen armaan gadii keessa kamtu waa’e aannisaa hubannoo dogongoraati jette yaadda? A. Wantootni lubbuu dhabeeyyii fi lubbuu qabeeyyii lama anuu anniisa qabu. Wantootni lubbuu dhabeeyyii fi lubbuu qabeeyyii lama anuu anniisa qabu. Anniisaan kan uummamu gocha raawwachuun. Boba'aan madda anniisaati malee ofii isaatiin anniisaa miti. Anniisaan hariiroo yabbiina qaamaa waliin hin qabu. 222 / 235 Jen 222. Kaannen armaan gadii keessa kamtu faakkenya seera saayinsaawaa dha? Wantootni hundinuu walharkisu.Humni walharkisoo kun kan irratti hundaa’u hangaa fi fageenya gidduu isaanii irratti. Sanyiiwan naannoo isaaniitti madaqinsa ni taasisu. Warri madqinsa gaarii taasisan gara fuulduraatti ni jiraatu. Kompaawondootni kan uumaman walittibu’insa elektiroonota atomoota irraati. Molekiyuulotni yeroo hundaa sochii irra jiru. Ariitiin sochii isaanii garaagarummaa tempireecheraa irrattii hundaa’e agarsiisa. 223 / 235 Jen 223. Kaannen armaa gadi keessa kamtu yaada waligala saayinsaawa dha. Bishaan qulqulluun dirra galaanaa irratti 100 0C dhibba irratti danfa. Elektriksiitiin hojii hojjechuuf nu gagaara. Bishaan molekiyuulii atoomii haayidiroojinii fi oksijinii irra uumama. Sanyii bineeldota addunyaa kana keessaa ilbisotni %75 qabatu 224 / 235 Jen 224. Ati akka barsiisaa Fiiziksiiti wa’ee aangoo haayiro elektirikii barsiisuu feete , haala qabatamaa achi jiruus daawwachiisun hamtu ta’u hubate ta’ee; bakka kana kan bu’u danda’u tooftaa isa kamitti fayyadamta? Sammuu dhiluu Fakkeessuu (simulation) Mala laaboratoorii Gahee xabachuu 225 / 235 Jen 225. Kannee armaan gadii keessatti tartiibni sirrii ta’e kami? Iyyaafannaa —— tarkaanfii ——-madaallii Maddaallii ———tarkaanfii ——iyyaafannaa Iyyaafannaa —— madaallii ——-tarkaanfii Tarkaanfii——–madaallii——–iyyaafannaa 226 / 235 Jen 226. Baraachuun akkaataa kamiin hiikamuu danda’a? Guddina fiizikaalawwafi baayoloojiikaalawaa qaamaafi kutaalee qaamaa Jijjiirama amalaa dhaabbataa hamma ta’een fiduu Jijjiirama uumamaa dabaluu ummuriin dhufu Hunda 227 / 235 Jen 227. Barsiisaa Tolaan barattoota isaa waa’ee waliin baay’isuu lakkoofsota pozaatiivii fi negaatiivii barsiisuuf fakkeenyota armaan gadii fayyadame. − 1 × 1 =− 1 , − 2 × 3 =− , − 5 × 8 =−40 .Haaluma kanaan itti fufuun yaada waliigalaa negaatiivii × pozaatiivii=negaatiivii yaada jedhu barattoota isaa yoo hubachiise malli baruu-barsiisuu barsiisaa Tolaan fayyadame isa kami ta’a? Mala didaaktiivii Mala agaree Mala indaaktiivii Mala jigsoo 228 / 235 Jen 228. Murtii armaangadii barsiisonni kennan keessatti faayidaa karoora barnootaa kan hin taane kami? Maal akka barsiisan Eenyuun akka barsiisuan Akkataa galiin dhuunfa guddifatan Mala madaallii barachuu barattootaa hojiirra oolchuu qaban 229 / 235 Jen 229. Karoora barnoota lammummaa amala gaarii qopheessuuf dursa murta’uu kan qabu kami? Mala barsiisuu Kaayyoo barannoo Meeshaa deeggarsa barnootaa Gocha barsiisaafi barataa 230 / 235 Jen 230. Kanneen armaan gadii keessaa kaayyoo gooree hiikaafi qajeeltoowwan dimookiraasii kan hin taane kami? Barattoonni hiika dimookiraasii ni himu Barattoonni barbaachisummaa dimookiraasii ni ibsu Barattoonni maalummaa dimookiraasii ni hubatauu Barattoonni qajeeltoowwan dimookiraasii ni tarreessuu 231 / 235 Jen 231. Galma barachuu barnoota lammummaafi amala gaarii ilaalchisee sirrii kan hin taane kami? Dhimmota adda adda keessattin dammaqinaan hirmaannaa qabaachuu Mirgaafi dirqama irratti hubannaa guddisuu Lammii naamusa gaarii qabu horachuu Gocha farra dimookiraasii raawwachuu 232 / 235 Jen 232. Baratoonni barnootaa lammummaafi amala gaarii erga baratanii booda gochi isaanirraa hin eegamne kami? Dammaqinaan hirmaachuu Jaalala biyyaa Yeroo kabajuu Ofittummaa 233 / 235 Jen 233. Saayinsii barachuun daa’immanii kan irratti hin hundoofne isa kami? Amala isaanii Haala isaan itti yaadan Haala yaada isaanii itti ibsatan Haala yaad- rime wal-xaxaa itti hiikan 234 / 235 Jen 234. Daa’mman saayinsii naannoo yoo barsiiftu kan wal simsiisuuhinqabne isa kami? Gaaffilee gaafataman naannoo isaanii waliin wal-qabsiisuu Barnoota muuxannoo isaanitiin walqabsiisuu Barnootichi muuxannoo alkallattiitiin walqabsiisuu Ilaalcha saayinsawaa akka qabatan haala mijeessuu 235 / 235 Jen 235. Kaannen armaan gadii keessa kamtu waa’e aannisaa hubannoo dogongoraati jette yaadda? Wantootni lubbuu dhabeeyyii fi lubbuu qabeeyyii lamaanuu anniisa qabu. Anniisaan kan uummamu gocha raawwachuun. Boba'aan madda anniisaati malee ofii isaatiin anniisaa miti. Anniisaan hariiroo yabbiina qaamaa waliin hin qabu. Your score isThe average score is 30% LinkedIn Facebook VKontakte 0% Restart quiz Modeela COC Bara 2012 Muummee Jeneraalistiif PDFDownload Share this