Teaching Integrated Science TINSc 201

BIIROO BARNOOTAA

Mala Baruu Barsiisuu Saayinsii Wal SimataaI

Fulbaanaa 2013
Finfinnee
BIIROO Barnootaa

Mata Duree Moojulii: Mala Baruu Barsiisuu Saayinsii Wal Simataa I
Qopheessan: Yuunivarsiitii Finfinnee

Barreessaan : Habtaamuu Wadajoo

Gulaalaan Keessaa: Geetaachoo Axinaafuu

Gorsaan Takniikaa: Gorsaa fi qo’annoo kenna baayisaa
Internaashinaalii waldaa dhuunfaa
Itti gaafatamummaan isaa kan murtaa’e
Ekspeertii Qophii Moojulaa: Axinaafuu Tasfaayee
Afaan Oromootti Kan Hiikan:
1) Hayiluu Badhaadhaa (Gosa Barnoota keemistirii; KBB Asallaa)
2) Geetuu Waarii(Gosa Barnootaa Keemistirii; KBB Asalla)
3) Taarikuu Diggaa(Gosa Barnootaa Baayoloojii)
4) Abbabaa Magarsaa (Gosa Garnootaa Baayoloojii; KBB Asallaa)
5) Zawuduu Tulluu(Gosa Barnootaa Fiiziksii)
5) Girmaayee Daffaar (Gosa Barnootaa Fiiziksii)

Gulaaltota:
1) Mangashaa Tigisti (Gosa Barnootaa keemistirii; KBB Bulee Horaa)

  1. Ittaanaa Tolosaa (Gosa Barnootaa Baayoloojii)
  2. Biraanuu Hayiluu (Gosa Barnootaa Fiiziksii)

Mala Baruu Barsiisuu Saayinsii Wal Simataa I
Lakkoofsa Koorsii: TINS-201
Kireedit-hawoorii : 3

Hiikaa Jechootaa

Mala si'aayinaan barachuu: Mala barachuu da'imanii ykn barachuun barattootaa jireenya qabatamaa fi haalota fayyadamuun si'aayinaan hirmaachisuu dha.
Ijaarsiistoota: Yaada hiddama barachuu yaada barattoonni beekumsa ofii isaaniitin ijaaran irratti xiyyeeffata.
Mala baruu barsiisuu: Artii ykn saayinsii barsiisuu, barnoota, tooftaa barsiisuu ti
Maappeessuu: Hirmaannaa haalotaa targeetii fi anaaloojii gidduu jiruu dha
Muuxannoo Hojii Harkaa: Beekumsa ykn namni tokko waan tokko waa'ee waan sana dubbisuu ykn daawwachuun osoo hin ta'in harkaan hojjechuun baratuudha.
Muuxannoo Sammuu: Gochaalee adeemsa yaadu barattootaa fi hirmaannaa isaanii Gaaffilee gaafachuu fi deebii barbaaduu dagaagsuu dha.
Gochaalee Qabatamaa: Gochaalee rakkoo furuu muuxannoo gaaffii jireenya keessatti haammatuu dha.

Baafata Fuula

Hiikaa Jechootaa – 4 –
Seensa Moojulii – 9 –
Ibsa Mallattoolee Moojulii Kana Keessaa – 10 –
BOQONNAA TOKKO 11
WAA’EE QILLEENSAA BARSIISUU (SA’AATII 8) 11
Seensa Boqqonnaa 11
Kutaa 1.1 Amaloota, faayidaalee fi faalama qilleensaa(sa’aatii 1/2) 12
1.1.1 Maloota baruu-barsiisuu (sa’aatii 4) 14
1.1.1 Mala baruu-barsiisuu yaada maddisiisuu 16
1.1.1.2 Mala gaaf-argannoo 18
1.1.1.3. Mala marii garee xiqqaa 21
1.1.1.4 Mala yaalii 22
Kutaa 1.2. Sirna Hargansuu Namaa, Dhiibbaa Tamboo xuuxuun Fayyaarratti qabuu fi Dhukkuboota Qilleensaan Daddarban (Sa’aa 1/2) 25
1.2.1 Tooftaalee Barsiisuu ( Sa’aatii 3) 28
1.2.1.1 Agarsiisa 28
1.2.1.2 Gahee taphachuu 31
1.2.1.3 “ Teessuma ho’aa” fi cuunfaa (Guudunfaa) garee 33
Cuunfaa(Guudunfaa) Boqonnaa 35
Tooftaalee/Malleen/Tarsiimoowwan Boqonnaan kun ittiin dhihaatu 36
Adeemsa Baruu Barsiisuu keessatti Gochaalee Barattootaa fi Haala mijeessitootaa 36
Tarsiimoo fi Tooftaalee iyyaafannaa boqonnichaa 37
Meeshaalee Barnootaa 37
Kitaabilee Wabii Boqonnaa kanaaf barbaachisan 37
BOQONNAA LAMA 38
WAA’EE BISHAANII BARSIISUU (8KHR) 38
Kutaa 2.1: Amaloota, faayidaalee, faalamaa fi kunuunsa bishaanii (sa’aatii ½) 39
2.1. Maloota baruu- barsiisuu (5khr) 43
2.1.1.1. Mala cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruu 43
2.1.1.2 Mala piroojektii 47
2.1.1.3. Wal-ta’anii walirraa barachuu 49
2.1.1.4. Mala 3B 52
Kutaa 2.2 Dhukkuboota Bishaaniin Namatti Dhufanii fi Teeknooloojii Bishaanii (sa’aati 1:30) 54
2.2.1 Tooftaa barsiisuu ( sa’aatii 2) 55
2.2.1.1 Mala Pirojeektii 55
2.2.1.2 Mala Diraamaa 55
Guduunfaa boqonichaa 57
Tooftaalee/ istiraatejii boqonnicha hojiirra oolchuuf gargaaran. 59
Adeemsa baruu barsiisuu keessattii gochaalee haala mijeesaa fi barataa 59
Tooftaalee/ Istiraateejii iyyaafannoo Boqonnichaa 59
Meesalee barnootaa 59
Boqonnaa Sadii: Biqiltoota (sa’aatii 8) 60
Kutaa 3.1 Biqiloota Sadarkaa Gadii, Wal hormaataa Biqiloota Sadarkaa Olii fi Biqiloota Biqilchuu (1hr) 61
3.1.1 Tooftaalee barsiisuu(sa’aatii 3) 66
3.1.1.1 Mala maappii yaad-rimee 66
3.1.1.2 Mala agarsiisaa 70
3.1.1.3. Mala minjalatti naanna’aanii ta’uun barachuu 71
3.1.1.4 Mala laaboraatoorii 72
Kutaa 3.2 Midhaan Oomishuu fi Kuusuu, Teeknoloojii Qonnaa, Tooftaalee Eegumsaa fi Kunuunsa Bosonaa (1/2hr). 73
3.2.1 Tooftaalee barsiisuu ( sa’aatti 3 fi 1/2) 75
3.2.1.1 Mala daawwanna dirree 75
3.2.1.2 Mala garee baazii 77
3.2.1.3 Mala yaaduun gareen mari’achuu 79
3.2.1.4 Mala gaaffii fi deebii 79
Guduunfaa Boqonnichaa. 80
Tooftaalee/maloota/Istiraateejii/ boqonnichii ittiin hojjiirraa ool 82
Mala agaesiisaa,mala greemarii baazii,mala maappii yaad-rimee, mala mijaalattii naanna’uun ta’uu, mala daawwanna diree,mala laboraatoorii fi mala gaaffii fi deebii ti. 82
Adeemsa baruu barsiisuu keessatti gochaalee barattootaa fi haalamijeessaa. 82
Istiraateejii fi Teeknika madaallii boqonnaa 83
Meesalee barnootaa 83
Kitaabilee Wabii 83
Boqonnaa Afur Bineeldoota( Sa’aattii 7) 85
KUtaa 4.1 Inverteebretoota (Ilbiisoota) ( sa’aatii1/2) 86
4.1.1 Tooftaalee Barsiisuu (sa’aatii 2 ) 88
4.1.1.1 Mala Piraamidii 88
4.1.1.2 Fiish bowulsii 90
4.1.1.3 Mala laboraatoorii 93
Kutaa 4.2 Verteebiretoota (Qurxummilee, Amfibiyaanoota, Repiitaayiloota, Allaattoota, Hoosiftoota) ( sa’aatii 1/2) 94
4.2.1 Tooftaalee barsiisuu (sa’aatii 2) 97
4.2.1.1 Mala moodeela Experiyentiyaaliin barachuu 97
4.2.1.2 Agarsiisa 100
Kutaa 4.3 Jiraattoota Bosonaa ( sa’aatii 1/2 ) 100
4.3.1 Tooftaalee barsiisuu ( sa’aatt 1 fi ½ ) 101
4.3.1.1 Daawwannaa dirree 101
4.3.1.2 Mala pirojeektii 102
Guduunfaa boqonnichaa. 102
Tooftaalee/ istraateejii boqonna hojjirra olchuuf gargaaran 103
Boqonnaa Shan: Waa’ee Qaama Keenyaa Barsiisuu (Sa’aatii 81/2) 104
Kutaa 5.1 Qulqullina Nyaataa, Nyaata akka madda anniisaa ho’aatti fi 105
Hanqina nyaataa (Sa’aatii 1/2) 105
5.1.1 Malleen Barsiisuu (Sa’aatii 3) 107
5.1.1.1 Mala saayinsaawaa 107
5.1.1.2 Mala Anaaloojii 110
5.1.1.3 Mala marii garee xixiqqoo 114
Kutaa 5.2 : Sirna Usaansaa fi Wal-hormaata Namaa(Sa’aatii 1/2) 114
5.2.1 Tooftaalee Barsiisuu (Sa’aatii 2) 120
5.2.1.2 Mala Jigsaawu 120
5.2.1.3 Garee xixiqqaa barsiisuu 122
Kutaa 5.3 HIV/AIDS fi barmaatilee miidhaa geessisan (Sa’aatii 1/2) 123
5.3.1 Tooftaalee Barsiisuu (Sa’aatii 2) 124
5.3.1.1 Mala qo’annoo haalaa 124
5.3.1.2 Mala Diraamaa 126
Cuunfaa Boqonnaa 127
Mala saayinsaawaa, anaaloojii, agarsiisa, qo’annoo haalaa, diraamaa, mala jigsaawu, marii garee xixiqqoo fi garee xiixiqqoon wal- barsiisuu. 128
Meeshaalee Barnootaa 129
Kitaabilee Wabii Boqonnaa Kanaaf Barbaachisan 129
Boqonnaa Jaha: Lafa Barsiisuu (8 fi 1/2hr) 132
Barannoo 6.1. Lafaa fi Sirna Aduu (1/2hr) 132
6.1.1 Mala Barsiisuu (3hr) 136
6.1.1.1 Buuura Mala Moodeela 136 6.1.1.2 Mala Barachuu Shanan E 138 6.1.1.3 Agarsiisa 141 Kutaa 6.2 Atmoosfaraa fi Haala Qilleensaa (1/2hr) 141 6.2.1 Mala Dhiyeessaa Barnootaa (3hr) 143 6.2.1.1 Mala Barachuu rakkoo hiikuu iorratti hundaa’e. 143 6.2.1.2 Mala Walfalmii 145 6.2.1.3 Mala wiilii Fiichar 147 Kutaa 6.3 Saatalaayitii (1/2hr) 148 6.3.1 Mala barsiisuu (1hr) 149 6.3.1.1 Od Ibsa Agarsiisaa Hirmaachisaa 149 6.3.1.2 Mala Moodeela Buuureffate 151
Cuunfa Boqonnaa 151
Maloota/ Tooftaalee Dhiyeessa boqonnaa 153
Gochaalee barattootaa fi haala Mijeessaa adeemsa baruu barsiisuu keessaa 153
Tarsiimoowwanii fi Tooftaalee Iyyaafannaa Boqonnichaa 154
Maddoota Meeshaalee Barnootaa 154
Kitaabilee Wabii Boqonnaa 154
Guduunfaa Moojulii 155
Kitaabilee wabii Moojulii 156
Seensa Moojulii
Jalatamtoota leenjifamtoota baga moojulii koorsii kanaatti, kan mala baruu barsiisuu saayinsii wal simataa I dhuftani. Korsiin kun kan qophaa’ef ogummaa qabiyyee saayinsii wal simataakutaa 5 fi 6 ittin barsiifamu irratti kan xiyyeefatee dha. Baayinaan kan xiyyeeffatu malleen baruu barsiisuu adda addaa saayinsii wal simataa kutaa 5 fi 6 haala kamiin akka hojii irra itti ooluu dha.

Bu’aawwan Barchuu Boqonnaa Kanaa:
Barannoowwan moojulii kana keessa jiran erga baratanii xumuranii booda barattoonni:

Qabiyyeewwan barnoota Saayinsii walsimataa ni ibsu
Yaada hiddama fi yaada hiddama dogoggorame ni ibsu
Mala baruu barsiisuu barataa gidu galeeffate kan saayinsii wal simataa itti barsiifamu ni ibsu
Maloota baruu barsiisuu saayinsii wal simataa barsiisuuf bu'a qabeessa ta'an ni shaakalu
Faayidaa mala baruu barsiisuu si'aayinaan barachuu ni addessu
Mala baruu barsiisuu mata dureewwan saayinsii wal simataa ittin barsiifamu ni wixineessu
Beekumsa fi ogummaa mala baruu barsiisu qabiyyee saayinsii wal simataa hojii irra ni oolchuu
Tarsiimoo Yaada rimee dogongoraa murtaa'oon ittin barsiifamu ni tarreessu

Ibsa Mallattoolee Moojulii Kana Keessaa
Jalatamttoota Barattootaa mallatooleen armaan gadii kenneen moojulii kana keessa jiran
wantoota salphisuudhaaf kan fayyadanii dha.
Hikni mallatolee kunniinis armaan gaditti tarreeffaminii jiru.

Seensi moojulii, boqonnaa fi kutaaleen jiraachuu agrsiisa

Gaaffileen deebii barbaadan jiraachuu agarsiisa.

Qabxiilee xiyyaffannoo itti kennamuu qabu agrsiisa

Ckeek-liistiin qabxiilee ijoo ta’aanii jiraachuu

Madaalliin dhuunfaan gaggeeffamu jiraachuu agarsiisa

Abbaltiin barreeffamaa jiraachuu ibsa

Deebiwwan gochaalee fi madaallii dhunfaa jiraachuu ibsa

Bu’aawwan barachuu moojulii ykn baqonnaa jiraachuu agarsiisa.

BOQONNAA TOKKO
WAA’EE QILLEENSAA BARSIISUU (SA’AATII 8)
Seensa Boqqonnaa
Jaalatamtoota leenjifamitoota, baga nagaan gara boqonnaa kanaa dhuftan. Boqonnaa kana keessatti waa’ee qilleensaa nibarattu.Inniis waa’ee amaloota, faayidaa fi faalama isaa; sirna hargansuu ilma namaa,dhiibbaa tamboo xuuxuun fayyaa namaa irratti qabuu fi dhibeewwan qilleensaan daddarban hammata.Garuu kaayyoon muujula kanaa waa’ee qabiyyee kanaa barsiisuu osoo hin ta’iin maloota si’aayinaan barachuu ijaarsa ta’e fayyadamuun leenjifamtootni akkamitti mata-duree kana akka baratan si’aayinaan hirmaachisuu dha.Kanaafuu,erga qabiyyee kana irratti odeeffannoo bu’uuraa ta’e hubattee booda,maloota si’aayinaan barachuu adda addaa boqonnaa kanaaf mijatoo ta’aniin walitti madaqxu.Malootni si’aayinaan barachuu kunniin mala yaada maddisiisuu,mala gaaf-argannoo,mala yaalii,mala marii garee xiqqaa,mala gahee taphachuu,mala teessuma si’aayina qabuu fi mala gareen guduunfuu ni hammatu.Yeroo qabiyyee qilleensaa barsiifamu maloota si’aayinaan barachuu kanneen hojii irra olchuuf fakkeenyotaa fi gochaalee adda addaa irratti fayyadamuun barbaachisaadha.Dabalataaniis,yaada dogongoraa tokko tokko adda baafachuu fi rakkina yaada dogongora kana furuuf maloota si’aayinaan barachuu mijataa ta’e fayyadamuu keessatti hirmaachuun gaarii ta’a.

Kutaa 1.1 Amaloota, faayidaalee fi faalama qilleensaa(sa’aatii 1/2)
Seensa
Kabajamtoota leenjifamtoota, seensi kun qabiyyeewwan saayinsii wal-simataa gosa barnoota kutaa 5 – 6 of keessaa qaba. Boqonnaan jalqabaa gosa barnoota kanaa qilleensa irratti xiyyeefata. Kanaafuu, seensi kun waa’ee qilleensaa fi yaad-rimeewwan qilleensaan wal-qabatu of keessaa qaba.
Qilleensi fakkeenya maatariiti.Qilleensi makaa gaasota adda addaati. Isaaniis tilmaamaan naayitirojiinii 78%, oksijiinii 21% fi kanneen biroo 1% ta’u (fakkii 1.1 ilaali ).

     Fakkii 1.1 Qabiyyee qilleensaa chaartii paayiin agarsiifame

Qilleensi amaloota armaan gadii qaba:
Ulfaatina :ulfaatinni qilleensa gogaatempireechara 0oc fi dhiibbaa atimosferaa 1013 mbarirratti1.293kg/m3dha.
Dhiibbaa :diriiraa galaanaa irratti tilmaamaan 1013 mbar dha.
Dhiibbaan qilleensaa yoo ol ka’iinsi lafaa dabale ni hir’ata.
Tempireechara : Akkuma wantoota hedduu naannoo keenyatti argamanitti, qilleensi yoo ho’a argate ni babal’ata, yoo ho’i gadi bu’e immoo ni summuugama.
Tempireecharri qabee irratti akkasumas qabeen dhiibbaa irratti taatee niqabu. Inni
kunis wal-qixxaattoo armaan gadiitiin ibsama:
P1V1/T1 = P2V2/T2 P = dhiibbaa (N/m2)
V = qabee (m3)
T = Tempireechara (K) K = Co + 273
Qabee :Qilleensi iddoo murtaa’aa ni qabata. Qabeen kun dhiibbaa fi tempireechara
wajjiinhariiroo qaba.
Hurka bishaanii :Qilleensi bishaan ofitti harkisuun hurka bishaanii of keessatti
qabata.
Qilleensi gubiinsaaf; fakkeenya oksijiinii, jireenyaaf;fakkeenya oksijiinii fi kaarboondaayoksaayidii, teekinoolojiif;fakkeenyakan akka gommaa, xayyaara, sagalee daddabarsuu fi kkf ni fayyada.

Yaada :Wanta barumsa saayinsii wal-simataa irratti baratte yaadadhu; yoo ta’uu baate
mana kitaabaa yookin kitaaba barataa kutaa 5-6 fayyadami.
Qilleensi faalame wantoota ilma namaa, biqiloota, bineensotaa fi qabeenya midhuu danda’an kan of keessaa qabuudha. Faaltootni qilleensaa adeemsa nam-tolchee fi uumamaa irraa madduu ni danda’u. Faaltootni kunniin faaltoota jalqabaa fi faaltoota lammaffaa ta’uu ni danda’u.

Yaada :Wanta barumsa saayinsii wal-simataa irratti baratte yaadadhu; yoo ta’uu baate
mana kitaabaa yookin kitaaba barataa kutaa 5-6 fayyadami.
Yommuu qabiyyeewwan armaan olii barsiifamu leenjifamtootni yaad-rimee barattootnni dogoggoran kanneen akka qilleensa akka wantoota qulqulluutti fudhachuu, qilleensi amaloota dhaabbataa ta’an akka qabutti fudhacvhuu, hargansuu ilma namaatiif qofa akka fayyadu, qilleensi ofii isaatii dhibee dhiibbaa akka fidu, garaagarummaa hargansuu fi gubama soorataa fi tamboo xuuxuun gocha fayyaaf miidhaa hinqabne jedhanii yaadu. Haala kana keessatti maloota si’aayinaan barachuu mijataa ta’an fayyadamuun yaad-rimeewwan dogongoraa barattoota kanneeniin uumamu sirreessuun barbaachisaadha.

Yaada : Gaaffii kana deebisuuf dhiibbaa qilleensaa, caasaa sinbiroo fi xayyaara ilaalcha
keessa galchi.

1.1.1 Maloota baruu-barsiisuu (sa’aatii 4)


Adeemsa barsiisuu kan barsiisaa jiddu-galeeffate fi kan barataa jiddu-galeeffate (si’aayaa) jechuu gosa lamatti qooduun ni danda’ama. Lamaan isaanituu ciminaa fi hanqina maataa isaanii ni qabu. Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti malleen baruu-barsiisuu sirritti hubachuuf, kanneen armaan gadii wajjiin wal-baruu qabda.
Malleen baruu-barsiisuu adda addaa jiraachuu isaanii
Ciminaa fi hanqina malleen kanneenii
Faayidaa isaanii
Yaalii irratti itti fayyadama isaanii
Imaammata barnootaa keenya keessatti, yeroo ammaa adeemsa baruu-barsiisuu keessatti malli barsiisaa jiddu-galeeffate gara mala barataa jiddu-galeeffatetti jijjiiramuun xiyyeefannaan itti kennamaa jira. Akka waliigalaatti, hiikkaan si’aayinaan barachuu mala baruu-barsiisuu kamiyyuu kan adeemsa baruu-barsiisuu keessatti barattoota barachuu isaanii irratti hirmaachisaa ta’eedha. Gabaabummatti, si’aayinaan barachuun barattoonni gochaalee barachuu hiika qabeessa akka godhan waan hojjatan irratti akka yaadanii fi hojjachuun akka baratan isaan taasisa (Bonwell and Eison 1991 cited in price, 2004). Barattoonni hundi dareetti yoo baratan dhaggeeffachuu, ilaaluu fi yaadannoo gabaabaa fudhachuu irra mala barataa jiddu-galeeffateen hojjachuun osoo baratanii filatamaa ta’a.

Yaada : Gama lachiinuu gahee barataa fi gahee barsiisaa ilaalcha keessa galchi.

Qorannoon akka agarsiisuutti barattoonni yaad-rimeewwan caalatti kan baratanii fi dandeettiin wanta baratan tokkoo yeroo dheeraaf kan yaadatan yoo adeemsa si’aayinaan barachuu keessatti hirmaataniidha. Piraamidiin barachuu armaan gadiitiis barattoonni 50% ol wanta baratan yaadachuu kan danda’an yoo mala hirmaachisaa ta’etti fayyadamne ta’uu isaa agarsiisa.

Fakkii 1.2 Dandeettii yaadachuu barattootaa mala hirmaachisaa ta’ee fi hirmaachisaa hin ta’iniin baratan agarsiisu (Madda: http://www.siteresources.worldbank.org)
Sababoonni heddu mala baruu-barsiisuu barsiisaa gidduu galeefatte irra mala baruu-barsiisuu si’aayaa ta’etti xiyyeeffannaa guddaa akka kenninu nu taasisa. Malleensi’aayinaa barachuu kanneen hojii irraa olchuuf bal’inaan barattoota, barsiisota, manneen barnootaa fi hawwaasa naannoo wajjiin hojjatamuu qaba.
Si’aayinaan barachuu:
Caalatti nama harkisa, nama kakaasa, sammuun barattootaa akka yaadu ni taasia.
Barattoonni adeemsa barachuu keessatti akka hirmaatanii fi murteessan ni taasisa.
Barattoonni akka beekumsa isaan duraan qaban wal-qabsiisanii fi fedhii akka isaan horatan ni gargaara.
Barattoonni murtii akka kennanii fi itti gaafatamummaa akka horatan ni godha.
Carraa barachuuf of qopheessuu ni uuma.
Carraan hojjachuun barachuu barattootaaf ni uuma.

Kanaafuu, adeemsa baruu-barsiisuu keessatti mala si’aayinaan barachuu fayyadamuun sirritti gorfama. Leenjifamtoota, mata- duree xixiqqaa armaan gadii keessatti malleen si’aayinaan barachuu kanneen qabiyyeewwan boqonnaa kana keessa jiran barsiisuuf fayyadan kan akka yaada maddisiisuu, gaaf-argannoo, mana yaalii, marii garee xixiqqaa, gahee taphachuu, teessuma si’aayina qabu, fi gareen guduunfuu ni ilaala.
1.1.1 Mala baruu-barsiisuu yaada maddisiisuu


Yaada maddisiisuun:meeshaa ykn mala mata duree tokko irratti barattoota irraa odeeffannoo ykn yaada isaanii funaanuudha. Kutaa yaada maddisiisuu keessatti, hirmaattootni akka isaan yaadanitti mata duree murtaa’ee kennameef irratti hanga danda’anitti yaada heddu ni kennu. Hirmaannaan barattoota hundaa mata durichaan walqabatee deebiin isaan kennan fudhatama qaba. Yaada isaan madaaluu irra yaada tokkoon tokkoo isaanii irraa fudhachuu fi gabatee boronqii yookin waraqaa irratti galmeessuutu faayidaa qaba.Barattoonnis deebii isaanii akka ibsuuf yookin sababeessuuf hin dirqamne beekuu qabu.
Yaada maddisiisuun yeroo baay’ee gabaabaa ta’e keessatti gareen tokko yaada heddu akka maddisiisan banaa godhuun akka isaan waa burqisiisuu danda’an jajjabeessuudha.Erga yaada isaan maddisiisanii booda calaqqee akka taasisan godhuun barbaachisaadha. Yaada maddisiisuun daree guutuun ykn gareen raawwachuu ni danda’a. Yoo gareen raawwatame, barattoonni barnoota isaanitiin ciccimoo ta’an to’achuu ni danda’u.

Yaada maddisiisuun bu’aa kan fidu:
Yaada mormisiisaa qo’annaa barbaadaniif
Barattoota miti si’aayoo fi kaka’umsa hin qabne gara mariitti akka seenan taasisuufq barbaadaniif
Yaad-rimeewwan dogongoraa qabaatanii sakata’iinsa barbaadaniif
Hanga danda’ametti dafanii yaada heddu maddisiisuuf
Barsiisoni yaada maddisiisuu kanneen armaan gadiitiif fayyadamuu ni danda’u:
Gosa banrnootaa irratti yaada dogogoraa sirreessuu fi yaada hirmaattootaaf duub-deebii kennuu.
Mata-duree irratti fedhii uumuu
Akka itti yaadan kakaasuu
Barattoonni barannookennamu keessatti akka hirmaatan godhuu.
Cimina
Barattoonni carraa itti yaaduu fi yaada isaanii kennuu ni argatu.
Kabaja barattoota birootiif qaban ni guddifatu.
Mala hatattamaan yaada barattoota irraa maddisiisuuti.
Deebii isaanitiif murtiin battalumatti waan hin kennamneef barataan kamiyyuu yaada isaa /ishee bilisaan kennuuf kaka’umsa ni horatu.
Gara mata dureetti osoo hin dhufiin dura karaalee beekuumsa, hubannoo fi dogoggora yaad-rimeewwan barattootaa ittiin murteessinu keessaa isa tokko.
Hanqina
Yaada maddisiisuun booda, yaadota ykn qabxiiwwan qindeessuun yeroo fudhachuu ni danda’a.
Fakkeenya :Marii waa’ee qilleensatiin dura yookin yeroo barannoon jalqabamu
barsiisaan(haala mijeessan) :
Barattoota gareen qindeessuufi gageessaa/tuu akka filatan itti himuu
Waa’ee qilleensaa fi amala isaa irratti yaada maddisiisuu (waa’ee qilleensaa fi amala isaa irratti akka isaan yaadanitti , yaadota heddu kennu akka danda’an itti himi; deebiin tokkoon tokko fudhatama kan qabuu fi sababeessuu yookin ibsi itti kennamuun hin barbaachisu ).
Qindeessaan yaadota garee walitti qabuu fi gabatee boronqii irratti barreessuu yookin haala mijeessaaf kennuu ni danda’a.
Dhuma irratti, yaadota isaan kaasan irratti calaqqee akka godhan dursa kennuufiidha.
Inni kun beekkumsa barattoonni duraan waa’ee qilleensaa irratti qabanii fi yaadota dogogoraa leenjifamtootni qaban barsiisan akka beekuuf isa gargaara.

1.1.1.2 Mala gaaf-argannoo
Jaalatamtoota leenjifamtoota, mee muuxannoo isin mana barnootaa yookin Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa keessatti qabdan duubatti deebi’aatii yaadaa.Hojji pirojektii gaaf-argannoo kee yaadattee?Mata dureen kee maal ture? Muuxannoo kee akkamitti nama birootiif qoodda turte?
Gosti barachuu akkanaa kun of-qajeelchuu yookin piroojektii gaaf-argannootiin muuxannoo gahaa qabaachuun dandeettii yaadachuu keenyaa nuuf cimsa. Haa ta’u malee adeemsi baruu-barsiisuu baayyeen keenya keessaa dabarsine mala gaaf-argannootiin barchuu hin turre. Sababni isaas barsiisonni keenya yeroo baayyee mala baruu-barsiisuu aadawaa (mala od-ibsa) kan barattoonni barachuu keessattidhaggeeffatoota ta’an fayyadamaa turan. Malli baruu-barsiisuu ammayyaa mala gaaf-argannoon barachuu ni dabalata.
Innis adeemsa baruu-barsiisuu keessatti barattoonni si’aayinaan ni hirmaatu, qabatamaan ni baratu, beekkumsa isaan mana barumsaa keessatti argatan fayyadamuun rakkoo hawwaasaa ni furu.


Malli gaaf-argannoo adeemsabaruu-barsiisuu barattoonni barachuu isaanii keessatti
hirmaatan, gaaffii uuman, deebii gaaffii kennuun hubannoo haaraa, hiikkaa fi beekkumsa
isaaniigabbifataniidha. Mala baruu-barsiisuu barataa jiddu-galeeffatee fi barsiisaan
qajeelfameebarattoonni gaaffilee dhugaa adunyaa akka argatan kan gargaaruudha.
Malli gaaf-argannoo gareewwan gurguddoo saditti qooddamuu ni danda’a.Isaaniis:-
Mala gaaf-argannoo qajeelfamaa- barsiisaan gaaffilee ijoo ta’an barattootaaf diriirsuun haala isaan gaaffilee kana itti hojjattan duukaa bu’ee yoo deeggarsa kenneefiidha.
Mala gaaf-argannoo banaa- barsiisaan barattoonni gaaffilee isaanii akka filatan haala mijeessuun isaan hordofa. Barattoonni akka saayintistiitti dalaguu, gaaffilee burqisiisuu, karoorsuu fi qorannoo adeemsisuu fi dhuma irratti bu’aa isaa ibsuuf carraa ni qabaatu. Sadarkaan kun barattotni adeemsa saayinsawaatiin akka sababeessanii fi xiinxaluun beekumsa akka argatan barbaada.
Mala gaaf-argannoo barsiisaa waliin ta’uunii- Barsiisaa fi barattoonni waliin qorachuu, waliin gaaffilee filachuu fi deebiiwwan jalqaba irratti hundi isaanii hin beekne tooftaalee ittiin argatan waliin ta’uun barbaadu.
Gaaf- argannoo sadanuu hirmaannaa fi si’aayaan leenjifamtoota irraa akkasums deegarsii fi leenjiin bu’aa barbaaddame fiduu danda’u barsiisaa irraa eeggama.

Fakki 1.5 Gosootaa fi walitti dhufeenya mala gaaf-argannoowwan sadan
Mala gaaf-argannoon barsiisuun faayidaalee armaan gadii qaba:
Dandeettii rakkoo furuu, gadi fageenyaan yaaduu fi qabiyyee gosa barnootaa ni guddisa.
Yaad-rimeen gara gaaffilee haaraa shaakalaatti akka jijjiiramuni jajjabeessa.
Barattoonni ogummaa ittiin of qajeelchan akka gabbifatanii fi akkamitti akka barataan ni barsiisa.
Barattoonni gaaf-argannoo mataa isaanii guddifachuun gosa barnootaa keessatti fedhiin isaanii ni dabala.
Barattoonni rakkoowwan fala ifa ta’e qabaachuu hin dandeenye akka isaan fala isaa irra gahuun baratan nigargaara.
Ammaas ta’ee gara fuula duraa baratttootni argannoo isaanii tartiibaan akka qindeeffatan ni gargaara.

Ulaagaalee gaaffileen gaaf-argannoo ittiin filataman
Ulaagaaleen armaan gadiigaaffilee yeroo gaaf-argannoon barsiifnu filachuuf fayyadu.
Muuxannoo kee wajjiin kan deemuu fi hawwaasaaf faayidaa kan qabu ta’uu qaba. Dhuguma gaaffichatti gammaddee jirtaa?
Kaayyoo gosa barnoota qo’atamuu fi barbaachisummaa beekkumsa gosa barnootichaa kan ibsu ta’uu.
Kan qoratamuu danda’u.
Odeeffannoo gahaa ta’e argachuu fi too’atamuu kan danda’u ta’uu
Banaa ta’ee akkaatuma gaaffitiin deebiiwwan fudhatama kan qabu
Kan hin murtoofne.
Daataa faayida qabeessa ta’e kan qabu ta’uu qaba.
Cimina isaa
Leenjifamtootni hirmaannaa si’aayina qabu fayyadamuun beekumsa isaanii akka gabbifatangochuun rakkoo furtoota isaan taasisa.
Mala barataa jiddu-galeeffate
Ogummaa akka horatan taasisa.
Dandeettii yaadachuu fi beekkumsa irratti jijjiirama fiduu ni qabaatu.
Dandeettii gadi fageenyaan xiinxalanii yaaduu fi waan tokko yaadanii beekuu ni dagaagfatu.
Hanqina isaa
Harkifataa fi yeroo fudhataa waan ta’eef qabiyyee heddu uwwisuun hin danda’amu.
Daree barattoota heddu qabu keessatti too’annaan barsiisaan adeemsisu bu’a qabeessa ta’uu hin danda’u.
Malli kun meeshaalee adda addaa waan barbaaduuf baasii gaafata.
Mala barataa jiddu-galeeffate waan ta’eef leenjifamtootni beekkumsa Odeeffaannoogahaan qindaa’e argachu dhabuu ni danda’u.

Yaada: Ulaagaalee armaan olitti ibsaman irratti hundaa’uu fi mala gaaf-argannoo banaa ta’e hordofuun gaaffilee kanneen deebisuuf gaaffilee gaaf-argannoo qopheefadhu.
1.1.1.3. Mala marii garee xiqqaa
Malli marii garee xixiqqaa waggoota hedduuf akka mala baruu-barsiisuu barbaachisaa ta’etti hubatamaa ture. Mala barataa jiddu-galeeffachuun barachuun irratti xiyyeeffatuudha. Barattoonni carraa yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi ta’eewwan saayinsaawaa irratti yaada isaanii ibsachuuf waan isaan qopheessuuf akka mala baay’ee faayida qabeessa ta’etti fudhatama.
Baay’inni miseensota garee xiqqaa tokkoo isa kana jennee murteessuu baannullee, barattoota shan(5) yoo goone mijataa ta’a.
Gaheen barsiisaa ijoon mala barataa jiddu-galeeffate keessatti adeemsi baruu-barsiisuu mijataa akka ta’uu fi barattoonni si’aayinaan akka hirmaatan haala mijeessuudha.Malli baruu-barsiisuu marii garee xiqqaa adeemsa baruu-barsiisuu daree keessatti mijataa akka ta’u godhu keessaa isa tokkoodha. Akka waliigalaatti, garee xiqqaan barsiisuun carraa si’aayinaan barachuu keessattuu marii yookin muuxannoo gochaalee harkaan dalagaa dagaagfachuun ni danda’ama.
Cimina
Barattoonni ogummaa gareen ittiin ijaarramu, hoggansaa fi gaggeessummaa ni dagaagfatu.
Barattoonni carraa si’aayinaan sirriitti hirmaachuu fi kaka’umsaa ni argatu.
Ilaalchaa fi yaada isaanii kan barattoota biroo wajjiin wal bira qabanii ilaaluun, ilaalchaa fi yaada isaan gosa barnootichaa irratti qaban akka ifa ta’uuf ni gargaara.
Barattoonni murtee akka kennanii fi of danda’anii akka baratan ni jajjabeessa.
Barattoonni carraa walirraa barachuu fi muuxannoo wal-jijjiiruu ni argatu.
Barattoonni carraa waliin barachuu fi amala waliin hojjachuu akkasumas sadarkaa yaaduu olaanaa fi adeemsa gareen rakkoo furuu akka dagaagftan ni gargaara .
Ogummaa walqunnamtiini gabbifatu.
Yoo ogeessii ( barsiisaan) hin jiraatiin ajaja hordofuun itti fufuu ni danda’u.
Hanqina
Yeroo dheeraa gaafata.
Qorannoo fi calaqqeen yad-rimeewwanii ogeessaan osoo hin ta’iin barattootaan dhiyaata.
Madaalliin barataa tokkoon tokkoo galma gahiinsa garee isaanii irratti hundaa’a.

Yaada: Mala marii garee xiqqaa fayyadamuun mata dureewwan qabiyyee qilleensaa,
faaltoota qilleensaa beekkamoo ta’aniifi kkf fudhachuu ni dandeessa.
1.1.1.4 Mala yaalii


Malli kun maloota saayinsii barsiisuuf barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’ee, saayinsii bu’a qabeessa ta’e barsiisuuf baay’ee barbaachisaadha. Mala kana keessatti, barsiisaan akka barattoonni dalagaa yaalii keessatti hirmaatanii seerota saayinsawaa fi piriinsippiloota adda addaa mataa isaanii akka argatan ni jajjabeessa.
Hirmaannaan barattootaa mala yaalii keessatti baay’ee barbaachisaadha. Barattoonni rakkoo qorachuu barbaadan yookin waan barbaadan qaamaan argamuun ofii isaanii ni hojjatu. Mala mana yaalii yoo fayyadamnu, adeemsi saayinsii ni shaakalama.
Adeemsonni kunniin:
Qalbeefatanii ilaaluu
Walqunnamuu
Wal bira qabanii waliin dorgomsiisuu
Qindeessuu
Walitti fiduu,
Xumura irraa gahuu
Hojii irraa oolchuudha.
Gosoota mala mana yaalii
Mala mana yaalii Indaaktivii:- mala kana keessattibarattoonni hojiiwwan piroojektii heddu keessatti waan hirmaataniif, carraa yaad-rimeewwaanii fi piriinsippiloota heddu qindeessuu ni argatu.
Mala diddaaktivii fi wanti tokko dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuu
Mala kana keessatti, barsiisaan suuraawwanii fi fakkiiwwan adda addaa fayyadamuun yaad-rimeewwan saayinsawwaa, piriinsippilootaa fi seerota garagaraa barattoota fuula duratti kan ibsuudha.

Mala ogummaa waan tokko itti hojjatamu irratti xiyyeeffatu
Malli kun qindoomina harkaa fi ijaa hirmaachisuun ogummaa qaqqabanii barachuu adda addaa argachuu irratti kan xiyyeeffatuudha.
Mala adeemsa saayinsawaa irratti xiyyeeffatu
Malli kunbarattoota keessatti ogummaan adeemsa saayinsawaa adda addaa akka dagaaguu godha.
Haala kanaan gosti mala yaalii kamiyuu barsiisadhaan hoogannamuu ni danda’a. Garuu, gochoota mana yaalii ofeeggannoodhaan karoorsuu fi qindeessuun baay’ee barbaachisaadha.
Barattoonni gochoota mana yaalii keessatti si’aayinaan hirmaachuuf akka of qopheessan, barsiisaan qajeelafamoota (ajaja) yaaliindura jiru barattotaa kennuu qaba. Qajeelfamoota yaaliin duraa kana keessatti, barattoonni kaayyoo yaadame, adeemsa yaalii of-eeggannoowwan mana yaalii ni hubatu.
Fakkeeny:- seensa keessatti haaluma ibsameen qilleensi ulfaatina ni qaba. Qilleensa ijaan arguu waan hin dandeenyeef, yaada kana hubachuuf barattootaatti ulfaachuu ni danda’a. Kanaafuu gosoota mala yaalii armaan olitti ibsaman keessaa tokko fayyadamuun ibsuun ni danda’ama. Fakkeenya mala diddaaktivii fi wanta tokko dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuu fayyadamuun haaluma fakkii 1.6 irratti ibsameen afuuffee qilleensaan guuttamee fi afuuffee duuwwaa waliin dorgomsiifnee ibsuu ni dandeenya.

Fakkii 1.6 Hanga qilleensaa safaruu

Meeshaalee barbaachisu,
Ulee meetiraa, haada, ookkoo fi afuuffee
Adeemsa yaalichaa
Haada walakkaa isaatti hidhuun ule meetiraa rarraasi.
Haada ookkoo irratti qabssiisuun gubbaa gabatee boronqii irratti fannisi.
Afuuffeewwan duuwwaa lama ookkoo irratti hidhi.
Ookkoowwan lachuu ulee meetiraa irratti iddoo fageenyi isaanii walakkaa irraa wal-qixa ta’etti rarraasi.
Uleen meetiraa hanga boqattutti eegi.
Afuuffee biraa qilleensaan guuti.
Afuuffee kallatti tokkoon ulee meetiraa irra jiru irraa baasuun isa qilleensaan guuttameen bakka buusi.
Fakkii 1.6 Hanga qilleensaa safaruu

Yaada:Qilleensii iddoo qabachuu fi iddoo gadi dhiisuu akka danda’utti fudhadhaa.

Yaada: Garaagarummaa dhiibbaan qilleensaa afuuffee keessaa fi afuuffeen ala jiruilaalcha
keessa galchi.

Kutaa 1.2. Sirna Hargansuu Namaa, Dhiibbaa Tamboo xuuxuun Fayyaarratti qabuu fi Dhukkuboota Qilleensaan Daddarban (Sa’aa 1/2)

Ibsa Gabaabaa
Sirni hargansuu namaa caasaalee kan akka funyaanii, laagaa, saanduqa sagalee, ujummoo qilleensaa, biroonkasii (damee ujummoo qilleensaa), biroonkiyoolsii fi afuuffee qilleensaa
(walitti qabaan somba uuman) hammata. Isaanis ujummoolee kan gara olii fi gara gadii jedhamuun qoodamuu danda’u. Ujummooleen hargansuu kan gara olii caasaalee sombaan duraa hunda hammata. Ujummooleen hargansuu kan gara gadii immoo sombaa fi caasaalee isa keessaa hammata.

Yaada: dalagaalee kanneen caasaa kennameen walitti fidi; ujummoon qilleensaa banaa gochuu fi qilleensa rifeenseen calaluu, ho’isuu, qilleensa jiisuu fi calaluu karaa qilleensi gara ujummoo qilleensaa itti seenu, iddoo wal-jijjiirraa O2 fi CO2 dhiiga keessa seenuu fi bahuu saanduqa sagalee iddoo koordonni sagalee itti argaman , ona qomaa fi ona garaa addaan baasa, yeroo qilleensi keessa seenuu fi bahu diriirfachuu fi kottoonfachuu

Hargansuun sochii qilleensi gara somba keessaa fi alatti taasisan ta’ee daqiiqaa tokko keessatti si’a 10-15 harganna. Marsaan hargansuu tokko tokkoon isaa sadarkaalee lama qaba:
Qilleensa Olii fudhachuu- sombi bokokuun yeroo qilleensi gara keessaa seenu dha
Qilleensa gadi baasuu – sombi shuntuutuun qilleensi keessaa baha
Qilleensa olii fudhachuu fi gadi baasuun sochiiwwan maashaalee lamaan raawwata. Isaanis diyaafiraamii fi maashaalee lafeewwan cinaachaa gidduutti argaman maashaalee interkoostaalii ti. Diyaafiraamiin lafeewwan cinaachaa gaditti kan argamu ta’ee qomaa fi garaa addaan baasa.

Dogoggorri yaad-rimee hargansuu fi gubata soorataa akka tokkootti fudhachuun barattoota biratti baay’inaan mul’ata. Kanaaf malleen si’aayinaan barachuutti fayyadamuun dogoggora yaad-rimee kana haquun akka sirreeffatan gochuu dha.

Tamboo xuuxuun gochaa wantoonni (yeroo baay’ee tamboo), gubachuun aarri isaa dhandhamamu yookiin suufamu dha. Malli tamboo xuuxuu yeroo ammaa baayinaan gaggeeffamu bifa sigaaraatiin ta’ee kan warshaa keessatti qophaa’ee fi tamboo waraqaa harkaan itti maruun kan qophaa’uudha . Itti fayyadamni tamboo xuuxuu kanneen biroo ujummoolee, cigars, bidis, hookahs, hurkisiisa fi bongs hammata. Tamboon xuuxamu keemikaalota ijoo kanneen akka nikootiinii, taarii fi kaarboon monooksaayidii of keessaa qaba.

Miidhaa tamboo xuuxuun namoota xuuxan irrattii fi aara tamboof saaxilaman irratti qabu haalaan galmaa’ee jira. Namoonni tamboo xuuxan dhukkuboota miidhaa guddaa geessisan kan akka humna (angina), dhiibbaa onnee, dhukkuba ujummoolee puulimonariin miidhamu.

Yeroo ammaa biyyoota hedduu keessatti bakka namoonni itti baay’atanitti tamboo xuuxuun dhorkamee jira. Manneen nyaataa, mana bunaa, geejjiba uummataa yookiin iddoo cufaa uummanni itti baay’atutti tamboo xuuxuun hin hayyamamu.

Yaada: wantoota olitti tarreeffaman irratti dhorkuu deeggaruun yookiin mormuun yaada kennuu dandeessu.

Yaada: Marii keessatti yaadota kan akka halluu qubaa, hargansuu badaa, foolii badaa, baasii tamboo xuuxuu fi kanneen hin xuuxne aara tamboof saaxiluu fi kkf kaasuu dandeessu.

Dhukkuboonni qilleensaan daddarban dhukkuba kamiyyuu kan paatoojiniin nama qaban ta’anii kan qilleensaan daddarbanidha. Paatoojiinonni vaayirasoota, baakteeriyaa fi (yookiin) fangasoota ta’uu danda’u. Isaanis qufa’uun, haxxifachuun, dhukkee fi dhangala’oo biifuun faffaca’uu danda’u.
Dhukkubni qorraa, qufaa, madaa’uu qoonqoo, dhukkuba infuleenzaa, dhukkuba sombaa fi maariyyeen fakkeenyota dhukkuboota qilleensaan daddarbaniiti. Isaanis paatoojiinoota qilleensa waliin seensisuun mama qabu.
1.2.1 Tooftaalee Barsiisuu ( Sa’aatii 3)
1.2.1.1 Agarsiisa
Malli agarsiisaan barsiisuu adeemsa barsiisaan ogummaa yookiin pirinsiplii haala qabatama ta’e tokko keessatti barattootatti agarsiisuu ti ( Kramer 1999). Innis akkaataa meeshaatti fayyadaman, akkaataa yaalii itti gaggeessan, akkaataa gaaffii tokko itti furan yookiin akkaataa wanta hunda haala murtaa’aa keessatti ittiin hojjetan ibsuuf gargaara. Yeroo barsiisaan agarsiisu barattoonni ni daawwatu. Agarsiisni kun akka barannoo egzibiishiiniitti fayyada yookiin kutaa wanta tokko yookiin meeshaalee saayinsiitti sirnaan fayyadamuun barsiisaan barattootatti agrsiisuuf gargaara. Agarsiisaan booda barattoonni ogummicha dhuunfaan yookiin gareen akka shaakalan carraa argachuu qabu.

Yaada: Bu’aa argachuuf daawwannaa, safaraa fi daataa qaaccessuu barattoota hirmaachisuun wal- madaalchisuu dandeessa. Bu’aa barsiisaan beekamu agarsiisuu dandeessa garuu hanqina yeroo, iddoo ykn qabeenyaa irraa kan ka’e miseensonni daree guutuuf carraa kennuu dhiisuu dandeessa.
Agarsiisni kan barbaachisu:
Hanqinni meeshaalee yoo jiraate
Gochichi barattootaaf balaa yoo qabaate
Yeroon gahaa yoo hin jiraanne
Ogummaa yookiin yaad-rimee haaraa beeksisuuf
Ogummoota gochaa ( manipulative ) fi raawwii ( operative) barsiisuuf

Qajeelfama agarsiisa bu’a qabeessaa
Qajeelfamoonni armaan gadii agarsiisa caalatti bu’aa- qabeessa gochuuf gargaaru.
Agarsiisa haalaan karoorsuu
Kaayyoo bira ga’uuf agarsiisa salphaa taasisuu fi ibsa gahaa kennuu
Yeroo agarsiisaan barsiisfinu barattoota hundatti akka mul’achuu akka dandeessutti fuuldura dhaabbadhu.
Dareen bal’aa yoo ta’e, dareewwan xixiqqootti agarsiisuu.
Meeshaaleen baruu fi barsiisuu jiraachuu fi sirriitti hojjechuu isaanii mirkaneeffachuu
Yeroo yeroodhaan barattoonni muraasni akka ka’anii agarsiisan gaafachuu
Yeroo tokkotti wanta tokko qofa hojjechuu
Barattoonni hundi wanta hojjetamaa jiru hubachaa jiraachuu isaanii mirkaneefadhu.

Cimina
Jalqabaa fi xumuura barannootti yoo hojiirra oole akka itti xiyeeffatanii fi si’aayan taasisa
Yaad-hiddama waliigalaa osoo hin taane yaada murtaa’aa irratti akka xiyeeffatamu gargaara
Yeroo fi meeshaalee qusata
Barsiisaan yaaliiwwan barattootaa irra deebi’ee akka ilaaluuf gargaara
Barsiisaan gochaalee barattootaarra balaa geessisuu danda’an ofii hojjechuuf gargaara

Hanqinoota
Barattoota saffisa adda addaan barataniif mijataa ta’uu dhiisuu danda’a
Barattoonni ogummaa hojjechuu akka dagaagfatan hin taasisu
Barattoonni yaalii agarsiifame gad- fageenyaan ilaaluuf itti ulfaachuu danda’a
Barattoonni akka daawwatan, tuttuqan, hojjetanii fi kan argame galmeeffatan carraa bal’aa hin kennu
Miira dhageettii fi argiitii qofa hirmaachisa.

Fakkeenya: Moodeela sombaa, diyaagiraamota, chaartotaa fi fakkiiwwan sirna hargansuu namaa fi dhiibbaa tamboo xuuxuun isaanirra geessisu agarsiisu kan barsiisaa fi barattootaan hojjetame daree keessatti fiduun yookiin handhuura gabbisa barnootaatti argamu agarsiisuu dandeessa.

Yaada: Caasaalee sirna hargansuu fi akkaataa gaaziin itti wal- jijjiiran agarsiisuu dandeessa. Kana ofii kee qopheeffachuuf diyaagiraamii armaan gadii ilaali. ( Fakkii: 1.7).

                                           Fakkii 1.7 : Sirna hargansuu namaa

Yaada: kan ofii kee qopheeffachuu fi taateewwan dhiibbaa qilleensaa, gahee ona qomaa, diyaafiraamii fi hargansuun wal- qabatan daawwachuuf fakkii armaan gadii ( Fakkii :1.8 ) ilaali.

Fakkii 1.8. Agarsiisa tooftaa hargansuu fi dhiibbaa qilleensaa
1.2.1.2 Gahee taphachuu
Gahee taphachuu keessatti barataan yookiin barattoonni gahee adda bahe tokko fudhachuun haala amala nama gahee kennameefiitti raawwachuu dha. Gahee taphattoonni muuxannoo fi kalaqa isaanii fayyadamuun haala qabatamaa fakkeessun hojjetu. Barattoonni wanta hojjechuu qabanii fi haala kennameef raawwatu. Barattoonni biroo xiyeeffannaan dhaggeeffachaa hordofu. Erga gahee taphachuun raawwatee booda, haala raawwannaa, haala qabatamaa fi gaaffilee ka’an irratti waliin mari’atu..

Qajeelfamoonni gahee taphachuu kanneen armaan gadii ta’u:
Garee guutuuf ibsa gahee fi haalaa gabaabbinaan kennuu
Barattoota fedhii qaban gaafachuun yookiin ramaduun akka gahee taphatan taasisuu
Gahee taphattoonni gahee kennameef irratti ida’uu fi nama gahee keessaa wanta jedhuurratti fayyadamuu akka danda’an itti himuu
Namoonni gahee taphatan daqiiqaa muraasa erga qophaa’anii gahee isaanii akka taphatan taasisuu
Gahee taphachuun erga xumuramee, daree guutuun dhimmicha irratti mari’achuu qaba.
Barattoonni gahee taphatan keessatti maqaa fi gahee kennameefiin akka dhiibaan irra hin geenye gahee irraa kaasuu
Gahee irraa kaasuuf, gahee fi maqaan barattoota gahee taphataniif kenname jireenya isaanii keessa qabatamaan kan argamu akka hin taane ibsuu.

Cimina
Barattooni si’aayinaan hirmaatu
Muuxannoo barachuu keessatti, wantoota adda adda, qabatamaa fi murtaa’aa dabala.
Ogummaa rakkoo hiikuu fi jechaan yaada ibsuu dagaagsa
Hubannaa fi dandeettii yaad-rimee hojiirra oolchuu barattootaarratti duub-deebii hatattamaa barsiisaaf kenna.
Carraa barnoonni daree keessaa gara haala qabatamaa jiruu fi jireenyaatti darbuu fooyyessa.
Ofitti amanuu barattootaa dabala

Hanqina
Barattoonni akka hin hojjenne dhiibbaa irraan gahuu danda’aa, keessattuu sodaa fi ofirraa ittisuu uuma
Dandeettii yaaduu fi fedhii hirmaachuu barattootaa irratti hundaa’a
Haala gaariin yoo karoorfamee fi hordofame malee xiyeeffannaa dhabuu danda’a
Amala hin barbaachifne si’eessuu danda’a
Bu’aa isaa tilmaamuun rakkisaa ta’uu danda’a
Yeroo dheeraa fudhachuu danda’a
Fakkeenya: Waa’ee dhukkuboota qilleensaan daddarbanii mala gahee taphachuutiin barsiisuu dandeenya. Dhukkuboonni qilleensaan daddarban kan akka dhukkuba qorraa ( Common cold ), qufaa, infuleenzaa fi dhukkuba sombaa sababa, mallattoo fi yaala mataa isaanii qabu. Gahee taphataan tokko amala nama dhukkubboota kanneen keessaa tokkoon qabamee taphachuun sababa, mallattoo fi yaala ogeessi yaalii ajaje raawwata. Dhaggeeffattoonni biroo sababa, mallattoo fi yaala dhukkubni qilleensaan daddarbu sun qabu hubachuu danda’u.

Yaada: namni gahee taphatu mallattoolee dhukkuba sombaa agarsiisuu, akkasumas sababa, ittisaa fi tooftaa yaalii akka ogeessi yaalii itti himetti dareef dhiheessuu danda’a.
1.2.1.3 “ Teessuma ho’aa” fi cuunfaa (Guudunfaa) garee
Teessumni ho’aa tarsiimoo barsiisuu ta’ee namni tokko, barsiisaa yookiin barataan gidduu barattootaa ta’ee (teessuma ho’aa) mata duree irratti gaaffilee adda addaa barattootaan gaafatamu deebisa. Barataan gidduu barattootaa taa’e gaaffilee barattootaa fi barsiisaa irraa ka’u fudhachuun deebii itti kenna. Barattoonni biroos akka carraa argataniif yeroo jirutti barataa gidduu taa’u jijjiiruun ni danda’ama. Asirratti barattoonni gaaffilee mata duree irratti hundaa’an gaafachuun ogummaa gaafachuu dagaagfatu. Akkasumas dandeettii kalaqqii fi waliin barachuu barattootaa jajjabeessa. Baayinaan barannoo guduunfuuf gargaara.

Fakkii 1.9: Teessuma ho’aa (Madda: http://www.vimeo.com)

Cuunfaan (Guudunfaa) adeemsa yaada ijoo baratame tokko jechoota muraasaan irra deebi’anii ibsuuti. Innis barreeffamaan, afaaniin, garee fi dhuunfaan raawwatamuu danda’a. Cuunfaan (Guudunfaa) barattoonni yaadota baay’ee baraachisoo ta’anii fi odeeffannoo hidhata hin qabne adda baasuun qabxiiwwan ijoo ta’an keessaa fudhachuun yaada ijoo haala hiika qabeessa ta’een akka walitti qindeessan barsiisuuf gargaara. Cuunfaan garee barattoonni waliin barachuu keessatti akka hirmaataniif gargaara. Tarsiimoon guduunfaa qabiyyeewwan hunda keessatti fayyaduu danda’a.

Yaada: mala kana mata duree barattan guduunfuuf itti gargaaramaa.


Cuunfaa(Guudunfaa) Boqonnaa
Qilleensi wantoota keessaa isa tokko ta’ee ruqooleen gurguddoo isaa naayitirojiinii, oksijiinii, kaarboondaayoksaayidii fi elemetoota yarinaan jiran muraasa dha. Qilleensi hanga, qabee, tempireechara, dhiibbaa fi hurka bishaanii qaba. Innis lubbu qabeeyyotaa fi teeknoloojiif barbaachisaa dha. Qilleensi xuriiwwan warshaalee keessaa fi mana jireenyaa irraa bahaniin faalamuu danda’a. Dhala namaa keessatti, oksijiinii fi kaarboondaayoksaayidiin qaama namaa fi naannoo gidduutti karaa sirna hargansuu wal-jijjiiru. Tamboo xuuxuun dhukkuboota hamaa kan akka aginaa (humna), miidhaa onnee, istirookii, fi dhukkuba kiroonik obstiraaktiivi puulimonarii jedhaman geessisuun dhiibbaa guddaa dhala nammaa irraan gaha.

Mata dureewwan saayinsii uumamaa walsimataa olitti eeraman barsiisuuf malleen si’aayinaan barsiisuu adda addaa fayyadamuun ni danda’ama. Isaanis: sammuu dhiluu, mala yaalii, iyyaafannoo, marii garee xixiqqoo, gahee taphachuu, teessuma ho’aa, fi cuunfaa garee ti. Malleen kunnin hundi si’aayinaan hirmaachuu barattootaa barbaadu.

Sammuu dhiluun malleen baruu barsiisuu keessaa tokko ta’ee mata duree baratamu irratti barattoota irraa odeeffannoo walitti qabuuf yookiin yaada burqisiisuuf gargaara. Mala iyyaafannoon barsiisuun adeemsa barattoonni gaaffilee qorachuun barachuu isaanii keessatti hirmaatani dha. Mariin garee xixiqqaa mala baruu barsiisuu ta’ee barattoonni lakkoofsaan muraasa ta’an wal-gargaaraa baratani dha. Malli yaalii barattoonni qabatamaan yaalii hojjechaa akka barataniif gargaara. Mala agarsiisaan barsiisuun mala barsiisaan ogummaa yookiin pirinsippilii yookiin yaad-rimee yookiin bu’aa yaalii fi hojiiwwan biroo barattootatti agarsiisaa barsiisu dha. Gahee taphachuun, teessumni ho’aa fi gareen cuunfuun(guudunfaa) malleen baruu barsiisuu ta’anii barattoonni gochaalee adda addaa keessatti hojjechaa akka baratan kan taasisani dha. Haa ta’u malee qabiyyeewwan boqonnaa kanaa barsiisuuf malleen kana qofa gargaaramna jechuu miti. Malleen si’aayinaan barachuu moojulii kana keessatti eeraman kamiyyuu gargaaramuun ni danda’ama.

Cheekliistii
Leenjifamtoota, fuuldura himoota itti aananii isin hojjechuu dandeessaniitti mallattoo (✓) kaa’aa. Yoo hojjechuu hin dandeenye, duubatti deebi’uun irratti mari’adhaa.
Kana gochuu dandeessaa? Eyyee Lakki
Qilleensaa fi amaloota isaa ibsuu
Faaltota qilleensaa ijoo adda baasuu fi dhiibbaa isaanii ibsuu
Waa’ee sirna hargansuu namaa fi dhiibbaa tamboo xuuxuun fayyaa irratti qabu ibsuu.
Dhukkuboota qilleensaan daddarbanii fi dhiibbaa isaan dhalaa namaarraan gahan ibsuu.
Mala si’aayinaan barachuu ibsuu.
Mala si’ayinaan barachuu fi mala si’yinaa hin qabneen(barsiisaa giddu galeeffateen) barachuu wal-bira qabuun madaaluu
Sammuu dhiluu, iyyaafannoo, marii garee xixiqqaa fi mala yaalii ibsuu
Sammuu dhiluu, iyyaafannoo, marii garee xixiqqaa fi mala yaalii ibsuu mata dureewwan saayinsii wal-simataa barsiisuu keessatti hojiirra oolchuu.
Mala agarsiisaa, gahee taphachuu, teessuma ho’aa, fi gareen cuunfuu ibsuu fi matadureewwan saayinsii wal-simataa barsiisuuf hojiirra oolchuu
Tooftaalee/Malleen/Tarsiimoowwan Boqonnaan kun ittiin dhihaatu
Sammuu dhiluu, agarsiisa, marii garee xixiqqaa, mala yaalii, mala iyyaafannoo, gahee taphachuu fi teesuma ho’aa fi cuunfaa.
Adeemsa Baruu Barsiisuu keessatti Gochaalee Barattootaa fi Haala mijeessitootaa

Gochaalee Barattootaa
Dhiheessaa fi marii daree keessatti si’aayinaan hirmaachuu.
Gochaalee adda addaa, hojii manaa, abbaltii dhuunfaa fi abbaltii garee hojjechuu.
Mala si’aayinaan barachuu gargaaramuun garee xixiqqoon wal-barsiisuu.
Wantoota naannotti argaman irraa meeshaalee deeggarsa barnootaa qopheessuu
Gochaalee Haala mijeessaa
Qabiyyee fi malleen baruu barsiisuu beeksisuu
Meeshaalee fi dalagaawwan qopheessuu fi raabsuu
Barattoonni yeroo abbaltii, piroojektii hojjetan gargaaruu
Marii dareef haala mijeessuu
Hojii barattootaarratti yaada kennuu
Iyyaafannaa gaggeessuu fi bu’aa madaallii galmeessuu
Tarsiimoo fi Tooftaalee iyyaafannaa boqonnichaa
Abbaltii dhuunfaa Hojii pirojektii
Abbaltii garee Garee xixiqqoon wal-barsiisuu
Dhiheessa Teestii fi battallee
Hirmaannaa marii daree fi hojii garee
Meeshaalee Barnootaa
Meeshaaleen barnootaa: LCD, laaptooppii, kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaa fi silabasii saayinsii wal- simataa kutaa 5-6, maarkerii, filiipchaartii, diyaagiraamii, chaartii, poostara, moodeeloota, meeshaalee laaboraatootii, kiitii saayinsii fi meeshaalee wantoota naannoo irraa hojjetamanii fi fooyya’an
Kitaabilee Wabii Boqonnaa kanaaf barbaachisan
Glenn and Toole, S. (1995). Understanding biology for advanced level. 3rd ed. Stanley Thornes Ltd. Italy.
Jaques, D. (2004). Small Group Teaching, Oxford Centre for Staff and Learning Development, UK.
Kelly, M. and Stafford, K. (1993). Managing Small Group Discussion Workshop Series No. 9
Kramer, D. 1999. Teaching Toolbox: Strategies, tools and techniques for implementing Curriculum 2005. Cape Town: Vivlia Publishers (Pty) Ltd.
McSharry, G. and Jones, S. (2000). Role-play in science teaching and learning School Science Review. 82(298)
Prince, M. (2004). Does Active Learning Work? Review of the Research. J. Engr. Education, 93(3), 223-231
http://www.pstt.org.uk. /ext/cpd/dramatic-science/hot-seating.html‎.
http://www.preservearticles.com. laboratory method in teaching science
http://www.kean.edu. ~fosborne/resources/ex8c.htm‎.Proprties of air.
http://www.buzzle.com. Air pressure experiments
http://www.worksheetlibrary.com/teachingtips/inquirybasedlearningtips.html

BOQONNAA LAMA
WAA’EE BISHAANII BARSIISUU (8KHR)
Seensa Boqonnaa

Jaalatamtoota leenjifamtoota; boqonnaa kana keessatti akka waliigalaatti amaloota, faayidaalee, faalamaa fi kunuunsa bishaanii, dhukkuboota bishaaniin dhufan, waa’ee bishaanii fi teekinoolojii bishaanii ni barattu. Haa ta’u malee, boqonnaan kun irra caalaa kan irratti xiyyeeffatu maloota baruu- barsiisuu ammayyawaa mata dureewwan kanneen ittiin barsiifamuudha. Maloonni barsiisuu ammayyaawaan boqonnaa kanaas cimdiin-yaaduu-yaada waljijjiiruu, mala piroojektii, wal ta’anii walirraa barachuu, mala 3B fi diraamaadha. Qabiyyee waliigalaa armaan olitti ibsaman yommuu barsiifaman maloota si’aayinaan barachuu kanneen irratti ibsa kennuun, itti aansuun fakkeenyootaa fi gochaalee tarsiimoo si’aayinaan barachuu hojii irraa oolchuun. Maloota si’aayinaan barachuu biroo mijatoodha jedhamanii yaadaman kan muujulii kana keessattti eeraman kamiyyuu fayyadamuun barsiisuun ni danda’ama. Dabalataanis,yaad-rimee barattoonni dogoggoran tokko tokkoo fi maloota si’aayinaan barachuu rakkoolee kanneen furuuf gargaaran ni barattu.

Kutaa 2.1: Amaloota, faayidaalee, faalamaa fi kunuunsa bishaanii (sa’aatii ½)
Yaada waliigalaa
Bishaan wanta baay’inaan lafa irratti argamu ta’ee, qaama lafaa irraa 70%- 75% kan ta’u faalkaalee dhangala’oo fi jajjaboon argama. Dabalataanis, qilleensa keessa bifa hurkaatiinni argama.Uumamaan bishaaan faalkaalee dhangala’oo, jajjaboo fi gaasitiin argama. Haala waaltawaa irratti wantoota lafarraa jiran keessa kan faalkaalee sadiin jiraachuu danda’u bishaan qofaadha. Bishaan dhangala’oon qaamota bishaan kanneen akka galaanaa, garbaa, laga, burqaa, haroo fi bool’a keessatti argama. Lafa keessattisni argama.
Bishaan foormulaa keemikaalaa H2O ‘n ibsama. Caasaa molakiyuularaa salphaa atoomii oksijiinii tokkoo fi atoomota haayidiroojiinii lama irraa kan ijaarrameedha. Tokkoon tokkoon atoomii haayidiroojiinii hidhoo kovaalentiin atoomii oksijiiniitti elektiroonota tokko tokko hirmaachisuun hidhamu. Oksijiiniin elektiroonota hidhoo uumuu keessatti hin hirmaanne cimdii lama qaba. Kanaafuu, naannawa atoomii oksijiinii elektiroonota cimdii afurtu jira, elektiroononni cimdiin lama kanneen hidhoo kovaalentii atoomii haayidiroojiin wajjin uumuu keessattti hirmaatanii fi elektiroononni cimdiin lama kanneen hidhoo uumuu keessatti hin hirmaanneedha. Kallattii faallaa qabatanii oksijiinii irratti argamu. Kanarraa kan ka’e, rukkinni elektiroonotaa atoomii oksijiinii fi atoomii haayidiroojiinii irratti haala walqixa ta’een faca’an hin argaman, kun immoo chaarjii gam-tokkee negatiiviin (δ^-) atoomii oksijiinii irratti sababa elektiroonota cimdii hidhoo hin uumnee fi chaarjii gam-tokkeen pozatiiviin (δ^+ ) immoo atoomii haayidiroojiinii irratti uumama. Kanaafuu, akka fakkii armaan gadii irratti ibsame bishaan polaara’aa dha.

Humni harkisa elektiroostaatikii chaarjii pozatiivii gam- tokkee atoomii haayidiroojinii irra jiruu fi chaarjii gam- tokkee negatiivii atoomii oksijiinii irra jiruun hidhoo haayidiroojiinii molakiyuulii bishaanii jidduutti haala fakkii 2.1 irratti agarsiifameen uumama.

Fakkii 2.1. Hidhoo haayidiroojiinii molakiyuuloota bishaanii jidduutti argamu
Bishaan amaloota fiizikaalaa hedduu qaba. Amaloonni kunis:
Dandeettii ho’a addaa: hamma ho’aa wanta giraama tokko ta’e, tempireechara isaa digirii seelishiyeesii tokkoon dabaluuf barbaachisuudha. Dandeettiin ho’a addaa bishaanii (1cal/goc) ta’e dandeettii ho’a addaa wantoota biroo caalaa baay’ee olaanaadha. Kanarraa kan ka’e bishaaan hammi ho’a ofitti fudhatu baay’ee guddaa fi suuuta anniisaa ho’aa gadi kan dhiisuudha.
PH:bishaan qulqulluun hinbaabsawaaadha. Kanajechuun bishaan qulqulluun asiidawaa yookiin beezawaa miti jechuudha.
Ho’aa dabarsuu: meerikurii irraa kan hafe bishaan dhangalaa’oowwan kamiyyuu caalaa salphumatti ho’a of keessa dabarsa.
Bulbulaa hunduma: bishaan dhangala’oo kamiyyuu caalaa dandeettii wantoota heddu bulbuluu qaba. Kanarraa kan ka’e, bulbulaa hundumaa jedhama. Hidhoo polaara’aan molakiyuulii bishaanii keessa jiru bulbulaa hundumaa isa taasisa.
Falmii dirraa: qaamni bishaanii gara alaa irra jiru hidhoo haayidiroojiinitiin ciminaan cinaa fi cinaan akkasumas gara jalaan walitti harkifama.
Qabxii danfinaa: bishaan qabxii danfinaa ol aanaa qaba. Diriiraa galaanaa irratti qabxiin danfinaa bishaanii 100oC (212oF) dha.

Qabxii qorrinaa: diriiraa galaanaa irratti qabxiin qorrina bishaanii 0oC (32oF) dha. Bishaan qulqulluun tempireechara 4oC irratti rukkina olaanaa qaba.Wantoota pilaanetii kanarratti argaman keessaa kan yoo faalkaa jajjaboon argamu rukkina gadaanaa qabu bishaaniidha. Kana jechuun bishaan dhangala’oon cabbii caalaa rukkina olaanaa qaba jechuudha.
Gocha kaappilaaritii: gocha kaappilaaritii sababoota humna harkisa koheesivii (humna harkisa molakiyuulota bishaanii jidduu jiru), humna harkisa adiheesivii (humna harkisa molakiyuulota bishaanii fi wantoota biroo jidduu jiru) fi falmii dirraatiin bishaan ujummoo qal’oo keessa yommuu olyaa’u kan uumamuudha.

Yaada: faayidaa amaloota bishaanii kanneen ibsuftempireechara qaama bineeladootaa fi lafaa, bishaan qaama biqiltuu dheeraa keessa jalaa hamma fiixee gubbaatti geejjibamu hubannoo keessa galchi.
Bishaan amala asiidoo- beezawoo qaba. Kana jechuun bishaan dandeettii akka asiidiitti pirotoonii kennuu, akka beeziitti immoo pirotoonii fudhachuu danda’a.

Yaada: marsaa bishaanii yommuu kaastu qabbanaa’uu, hurkuu, rooba roobu, qaamoota bishaanii, hurrii fi kkf hubaannoo keessa galchi.
Bishaan karaalee adda addaatiin nu fayyada. Kompaawundoota ayoona’oo fi molakiyuulota poolaara’aaa ta’aniif bulbulaa gaariidha. Wantoota bulbulamoo ta’an qaama keenya keessa geejjibuuf gargaara. Adeemsa heddu keessatti bishaan akka walnyaattootti (fakeenyaaf footoo seentesisii keessatti) tajaajila.
Bishaan gatiin PH qaama keenyaa akka 7.4 ta’uu fiPH idilee qaama keenyaati eega. CO2 + H2O<==> H2CO3<==> H+ + HCO3-. Walnyaatiinsi kun kan gaggeeffamu dhiiga keessatti ta’ee, yoo gatiin PH gar-malee olka’e walnyaatiinsi gara harka bitaatti jijjiirama,yoo gatiin PH 7.4 gadi ta’e immoo walnyaatiinsi gara harka mirgaatti jijjiirama. Bishaan walmadaaliinsa elektiroolaayitii (ayoonota kanneen akka Na+ fi Cl-) eeguuf ni tajaajila. Tempireechara qaama keenyaa eeguufisi ni fayyada. Qaamni keenya yoo ho’e, gogaa qaama keenyaa irraa dafqi ho’a fudhachuun qaama qorrisiisa.
Bishaan qonna, induustirii fi humna ibsaa maddisiisuuf ni fayyada. Hidha humna ibsaa Itoophiyaa tarreessuu dandeessaa?
Faalama bishaanii: gocha namaatin bishaan xuraa’uun faayidaa bishaan namaa fi lubbu qabeeyyiif kennu hir’achuudha. Bishaan faalame fayyaa namaa, bineeladootaa fi biqiltootaa irrattimiidhaa guddaa fida. Faaltonni bishaanii kanneen akka farra aramaa, farra ilbiisotaa, xaa’oo fi keemikaalota summaa’oo qaama bishaanii seenaniidha.

Yaada: Qonna, induustirii fi mana keessatti maddoota faalama bishaanii fi tooftaaleen bishaan xuraawaa ittiin qulqulleeffamuu hubaannoo keessa galchi.
Kunuunsi bishaanii immaamata, tarsiimoo fi gochaalee bishaan qulqulluun faayidaa irra ittiin ooluu, ittiin hoogganamuu fi bishaan qulqulluun qabeenya mijataaniis naannawa bishaanii eeguun bishaan akka madda bishaan ammaa fi gara fulduraa ta’u taasisa.
Tooftaalee bishaan ittiin kunuunfaman kan of keessatti haammatu bishaan akka hin qisaasofne gochuu (haalan fayyadamuu), bishaan xuraawaa qulqulleessuu, wantoota qulqullina bishaanii hir’isan dhabamsiisuu, hooggansa bishaanii fooyyessuu, dhangala’uu bishaanii hir’isuu, sirna qonnaa mijaawaa fayyadamuu, qonna orgaanikii fi qonna bosoonaa fayyadamuu, bishaan roobaa kuusuu fi kkf niidha.
Dogoggorri yaad-rimee barattoota biratti mul’achuu danda’an, barattoonni bishaan wanta walqabataa tokko qofa jedhanii fudhachuu fi tokkoon tokkoon molakiyuulii bishaanii jiraachuu isaanii wallaaluu, faayidaa bishaan jireenya lubbu qabeeyyiif kennu beekuu dhabuu, bishaan hallu dhabeessa ta’e, qulqulluu fi dhugaatiif gaariidha jedhanii yaaduu fi bishaan baattoo sababoota dhukkubaatii jedhanii hubachuudha. Barsiisaan yaad-rimee barattoonni dogoggoran kanneen dhabamsiisuuf, maloota baruu- barsiisuu filatamoo ta’an fayyadamuun beekumsa baratttoonni jalqaba irratti qaban beekuun isa irraa eegama.
Barsiisan beekumsa barattoonni barachuun dura qaban adda baasuun, maloota baruu-barsiisuu filatamoo ta’anitti fayyadamuun yaad-rimee barattoonni dogoggoran kannneen dhabamsiisuu qaba.
2.1. Maloota baruu- barsiisuu (5khr)
2.1.1.1. Mala cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruu


Cimdiin yaaduu-yaada waljijjiiruun tarsiimoo mariin sadarkaa sadiin gaggeeffamu ta’ee, kan barattoonni hundinuu si’aayinaan marii daree keessatti gaggeeffamu keessatti bifa qindoomina qabuun akka hirmaatan taasisuudha. Tarsiimoo kana keessatti, barsiisaan yookiin haala mijeessaan barattoota gaaffii gaafachuu fi barattoonni hundinuu dhuunfaa dhuunfaan akka irratti yaadan taasisuu, itti aansuun cimdiin akka irratti mari’atan gochuu fi xumurarratti daree guutuun akka gaaffii kana irratti yaada waljijjiiran gochuudha. Cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruun tarsiimoo salphaa fi daa’imman umrii gadaanaa hanga barnoota sadarkaa olaanaa barsiisuu keessatti bu’a qabeessa kan ta’eedha.

Sadarkaa sadan cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruu
Yaaduu: barsiisan gaaffilee barattootaa kennuun, akka daqiiqaa lamaa fi sanaa oliif deebii isaa irratti yaadan godha. Deebii qindeessuu fi yerooirratti yaadan kennuufin barbaachiisaadha. Barattoonni yaad-rimee fi ogummaa barannoo sanaa keessatti ibsame yaaduu irratti si’aayinaan hirmaatu, waan yaadan sana ni barreessu.
Cimdii: barattoonni walcinaan taa’an cimdiin ta’uun deebii gaaffii kennameef irratti ni mari’atu, cimdiin ta’uun barataa deebii gaaffii gaafatamee barattoota dareef ibsu ni filatu. Dheerinni yeroo marii cimina gaaffii gaafatamee irratti hundaa’a.
Yaada-waljijjiiruu: mariin cimdiin erga gaggeeffamee booda, cimdii yookiin barataa tokko filachuun waan irratti mari’atan akka daree guutuuf ibsu taasisuu, waan hiriyyoota isaanii wajjiin irratti mari’atan irratti barattoota daree guutuu wajjiin akka yaada waljijjiiran ni barbaadama. Rakkoon yaad-rimee fi hubannoon barattootaan dogoggoramee adeemsa yaada walijijjiiruu keessatti ni furama. Inni kun yeroo barsiisaan yaad-rimee barattootaan dogoggorame kamiyyuu sirreessuudha.

Fakkii 2.2. Sadarkaa cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruu
Yeroon cimdiin yaaduuf kenname barattootaaf ibsamuu qaba. Akka waliigalaatti,yeroon cimdiin yaaduuhaala ulfaatina gaaffiilee irratti hundaa’uun, barattoonni akka yeroo muraasaaf yaadan taasisuu fi yeroo muraasaaf immoo akka cimdii uumaniifi mari’atan gochuudha. Yeroobarattootaa kennuu fi akka yaadni isaan keessatti uumamu taasisuu, garuu hojii akka hin dhabneef yeroon gar-malee dheerachuu hin qabu.
Cimdiin-yaaduu-yaada walijijjiiruun fooyya’aan cimdiin yaaduu- iskuweeriin yaada walijijjiiruudha. Malakanaa keessatti tartiibni cimdiin yaaduu-yaada waljijjiiruu barattoota daree wajjiin yaada waljijjiiruu ni dabalata. Barattoota daree guutuuf ibsuun dura, cimdiin barattoota tokko cimdii barattoota biroo wajjiin ta’uun waan cimdii duraa keessatti irratti mari’atan irratti yaada waljijjiiru, sana booda yaada isaanii daree guutuu wajjiin yaada waljijjiiru. /http://web.grcc.cc.mi.us/ctl/ten/.
Tartiiba itti fayydama cimdiin – yaaduu- yaada waljijjiiruu
Barsiisaan gaaffilee banaa ta’an gaafata. Gaaffiilee banaan gaafataman kunniiniis gaaffiilee mariif mijaawaa ta’anii fi gaaffiilee sadarkaa olaanaa ta’uu isaanii mirkanaa’uu qaba.
Barsiisaan barattootaaf yeroo irratti yaadan ni kenna, daqiiqaa tokkoof yookiin lamaaf gaaffiilee (gaaffiilee cimaa ta’eef yeroo dheeraa kennuu) kanneen irratti akka yaadanii fi barreessan ni qajeelcha.
Yeroo yaaduutti aansuun, barattoonni fuulan walitti garagaaruun, cimdiin waliin hojjatu, yaada waljijjiiru, ni mari’atu, waliif ibsu, walsirreessu.
Cimdin tokko cimdii biroo wajjiin yookiin daree guutuu wajjiin yaada waljijjiiru.

Fakkii 2.3 Tartiiba itti fayyadama cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruu (Madda: success for all foundation, 2008)
Cimina
Akka waliigalaatti qophiin isaa salphaa fi yeroo gabaaba fudhata.
Barachuu barattootaa sisi’eessuu, gaaffiilee adda addaaf sadarkaa garagaraa akka gaafataniif gargaara.
Barattoota daree guutuu kakaasuu fi barattoonni hin hirmaanne deebii gaaffiilee gaafatamaniif akka deebisaniif carraa kenna.
Walitti dhufeenyi barattootaa akka dabalu taasisa akkasumas akka wal irraa barata godha.
Daree guddaa mala si’aayinaan barachuu fayyadamanii barsiisuuf gargaara.
Barattoonni sadarkaa yaaduu olaanaa akka fayyadamanii fi sababa isaanii akka ibsatan taasisa.
Barattoonni akka odeeffannoo walitti qindeessanii fi ogummaa walqunnamtii akka gabbifataniif isaan gargaara.
Tokko tokkoon barattootaa garee keessa jiran akka yaada waljijjiiraniif carraa walqixa kenna.
Hanqina
Walitti waciinsa qaba.
Haalan yoo hin hoogganamiin yeroo qisaassessa.
Garee baay’ee waan ta’aniif yeroo marii gaggeessan barattoota hunda gargaaruun rakkisaadha.
Barataan tokko olaantummaa agarsiisuu danda’a.

Yaada: Odeeffannoo akka waliigalaatti qabiyyee keessatti kennamee fi armaan olitti adeemsa baruu-barsiisuu keessatti ibsame fayyadami. Tokkoon tokkoon garee barattoota dhiiraa fi shamarranii walqixa qabachuu fi hirmaachiisuu qaba.

Yaada: Barattoonni kana agarsiisuuf cabbii, bishaan dhangala’oo, bishaan danfe, ujummoo qal’oo fayyadamuu ni danda’u (fakkii 2.4) ilaali.

Fakkii 2.4 Gocha kaappilaaritii

2.1.1.2 Mala piroojektii


Piroojektiin gocha mata duree tokko irratti qindaa’ee fi karoorfame barattoonni akka odeeffannoo funaanan dhuunfaan yookiin gareen ta’uun torban wallakaaf, torban tokkoof yookiin ji’a tokkoof yookiin ji’a tokkoo oliif qo’annoo akka gaggeessan taasisuudha. Barsiisaan mata duree piroojektii barattootaa murteessuu ni danda’a. Yeroo tokko tokko immoo barattoonni mata duree fedhii isaanii wajjiin deemuukamiiyyuu qabiyyee barannoo sanakeessaa filachuu ni danda’u. Malli piroojektii barattoonni barannoo sana akka gad fageenyaan hubataniif carraa kenna.
Akaakuu piroojektii
Akka kilpaatirik bara 1918 ibsetti akaakuu piroojektii afurtu jira. Isaanis piroojektii ijaarsaa, yaalii yookiin hojii fiizikaala kanneen akka ijaarsa meeshaalee, moodeelii ijaaruu fi diraamaa taphachuun piroojektii kana jalatti hojatamuu danda’a.
Piroojektii isteetiksii: piroojektiikana keessatti, sagantaa muuziqaa, wantoota tokko tokko miidhagsuu fi kkf niin dandeettii waa dinqisiifachuu barattootaa ni guddata.
Piroojektii mala rakkoo furuu: akaakuun piroojektii kanaa barattoonni dandeettii rakkoo furuu akka horatan taasisa. Piroojektiin kun beekumsa irratti kan hundaa’eedha.
Piroojektii urtuu: ogummaa fi dandeettii akka gabbifatan taasisa.
Tartiiboolee mala piroojektii
Haala uumuu: sadarkaa kanatti barsiisaan haala mijataa barattoota daree isaatii ni uumama, adeemsa tartiiboolee piroojektiin ittiin hojatamuu fi faayidaa isaa barattootaa ni ibsa, barattoota ni sisi’eessa.
Rakkina jiru adda baasuu: sadarkaa kanatti barsiisaan barattoonni rakkina jiru kan fedhii fi dandeettii isaanii irratti hundaa’uun akka adda baasan ni gargaara, ni jajjabeessa.
Karoorsuu: sadarkaa kanatti barsiisaan waa’ee rakkoo kanaa kallattii adda addaatiin ilaaluun barattoota wajjiin irratti ni mari’ata, ulaagaa qabxiin ittin kennamu ni ibsa. Rakkina kana irratti barattoonni bilisaan yaada irratti erga kennanii booda barsiisaan sagantaa hojiin ittiin adeemsifamu gabatee gurracha irratti ni barreessa.
Hojii eegaluu: sadarkaa kanatti barattoonni hojii hojjachuu ni jalqabu. Jalqabarratti odeeffannoo fi meeshaalee barbaachisaa ta’an walitti qabu. Barsiisaan akkaataa saffisa, fedhii fi dandeettii barattootaa irratti hundaa’uun yeroo kenna. Barbaachiisaa yoo ta’e barsiisaan barattoota ni gargaara, ni qajeelcha.
Madaallii: sadarkaa kanatti, haala walfakkaatuun barattoonni hojii isaanii fi kaayyoon isaanii galma gahuu fi dhiisuu isaa ni madaalu.
Galmeessuu fi Gabaasuu: sadarkaan kun tartiiba xumuraa mala piroojektii ta’ee hojii sadarkaa sadarkaan hojjataman tartiiban kan ittiin galmaa’uu fi gabaafamuudha.

Cimina
Mala haala jireenya barattootaa wajjiin walqabatuudha.
Dhuunfaan barachuu barattoota kan jajjabeessuudha.
Barattoonni piroojektii ofii isaanii akka hojjataniif carraa bana.
Waliigaluu fi walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisaa jidduu jiru cimsa.
Mata duree sana barattoonni gad-fageenyaan akka qo’ataniif gargaara.
Barattoonni carraa yaada waa uumuu fi dandeettii rakkoo hiikuu akka gabbifatan taasisa.
Hanqina
Yeroo dheeraa fudhata.
yeroo baay’ee barattoota dhuunfaan hojjatan qofa fayyadamtoota taasisa.
Barataan tokko hojii hammam akka hojjate bira gahuun rakkisaadha. Sababni isaasi namni biroo hojjachuufii ni danda’a.
Mata duree fedhii barattootaa waliin deemu argachuun rakkisaadha.
Leeccaalloo, mallaaqaa fi humna guddaa barattoota gaafata.

Yaada: qaamoolee bishaanii, maddoota faalama bishaanii fi tooftaalee bishaanii ittiin kunuunfamu ilaaluu fi tartiiboota hojiin piroojektii ittiin wixineefaman kanneen armaan olii hordofi.
2.1.1.3. Wal-ta’anii walirraa barachuu


Wal-ta’anii walirraa barachuun mala baruu- barsiisuu barattoonni gareen ta’uun waliin hojjatan, yeroo baay’ee hojii murtaa’aa kaayyoo murtaa’aa qabu hojjachuuf kan ooluudha. Walta’anii walirraa barachuun yoo tokko tokkoon barataa walitti dhufanii garee barnoota kamiyyuu irratti waan beekanii fi hubatan tokko kan biroo barsiisuudha. Wal ta’anii walirraa barachuu keessatti, barattoonni hojii isaanitiif itti gaafatamummaa dhuunfaa fi garee ni qabaatu.
Miseensoonni garee wal-ta’anii walirraa barachuu fi waliin hojjachuuf gahee ifaa ta’e qabu. Wal ta’anii walirraa barachuu keessatti barattoota gareen teessisuu fi akka waliin hojatan gochuu qofti wal-ta’anii walirraa barachuu hin taasisu. Barsiisaan of eegannoon hojii hiika qabeessa ta’e wixineessuun tokkoon tokkoon barataa akka si’aayinaan galma tokkoof keessatti hirmaatan gochuu qaba. Jalqaba barannoo wal-ta’anii walirraa barachuu keessatti gaheen barsiisaa, yeroo baay’ee barattoota waliin ta’uun hojii barattootaa kennuudha. Yeroo hojiin garee hojjatamu, barsiisaan haala mijeessaa yookiin garee garee irra deemuun daawwachuun barachuu barattootaa too’ata.
Dabalataaniis, bariisaan dub-deebii barattootaa kennuun, fooyya’insa garee ni madaala.
Akka Johnson fiJohnson (1991) ibsanitti wal-ta’anii walirraa barachuun elementoota shan qaba.
Walitti hirkannaa pozatiivii: tokkoon tokkoon barataa hojii miidhuu fi milkaa’ina kan biroo irratti dhiibbaa akka qabu ni hubatu. Kanaafuu, miseensonni garee hundinuu oddeeffannoo hojii walii qooduun hojii isaanii hojjatanii xumuruu qabu.
Walitti dhufeenya cimsuu: barattoonni akka wal-ta’anii walirraa baratan, barsiisaan sisi’eessuu qaba. Barattoonni meeshaalee tokko kan biroof qooduu, dub-deebii ijaarsaa waliif kennuu, yaada fi sababa miseensa garee isaanii sirreessuu, sammuun banaa qabaachuu, wal amanaanii waliin hojjachuu fi wal hamileessuun sodaa hir’isuu qabu.
Itti gaafatamummaa dhuunfaa fi garee: gareen galma lafa kaawwatan fiixan baasuuf itti gaafatamummaa qaba, barattootni waliin haa hojjatan malee, dhuunfaniis hojjachuu ni danda’u. Kanaafuu, barattoota waliin hojjatan galma gareen lafa kaawwatan fiixan baasuuf barattonni hojii sana hojjachuuf itti gaafatamummaa dhuunfaa fudhachuu qabu.
Ogummaa namoota jidduu fi waliin: barattonni jireenya hawwaasummaa sirrii ta’e kanneen akka hoogganuu, murtee kennuu, amanamummaa ijaaruu, walqunnamitii fi waldhabdee hoogganuu ni baratu, ittis ni fayyadamu.
Calaqqee/adeemsa garee: adeemsa garee guddisuudha. Barattoonni walitti dhufeenya hojiif bu’a qabeessa ta’e eeguun hammam akka galma kaawwatan fiixaan baasaa akka jiran qaaccessuu qabu.
Maloonni Wal-ta’anii walirraa barachuun kaayyoo wixineefame fiixaan baasuu baay’eetu jira. Maloota kanneen qixa sirrii ta’ee fi irra deddeebinee yoo fayyadamne, barattoonni bu’aa gaarii walirra barachuu irraa ni argatu. Isaanis kanneen of keessatti hammatan jiksoo, cimdiin-yaaduu- yaada waljijjiiruu, fakkii samuu fi kkkf niidha.
Faayidaa
Barattoonni dandeettii olaanaa akka horatan taasisa, hiriyyummaa gaarii jidduu isaanitti uumma, walitti dhufeenyi isaanii umrii dheeraa akka qabaatu taasisa, ogummaa hoogganuu fi walqunamitii gaarii akka horataniif ni gargaara.
Maloonni barachuu biroo kan hin qabne, barattoonni si’aayina ol aanaan akka hirmaatan taasisa.
Barattoonni akkamitti tokko kan biroo irraa akka barsiisuu ni baratu, wantoota jechoota isaanitiin akka ibsan godha.
Walitti hirkaannaa pozatiiviin kan fiixaan bahu, yoo barataan garee keessa jiru dhuunfaa kan milkaa’uu dandeenyu yoo tokko tokkkoon barataadhaa milkaa’e qofa jedhanii yaaduu.
Ogummaa namoota jidduu fi waliin hojjachuu gocha wal-ta’anii walirraa barachuu irra barachuu danda’u.
Adeemsa barachuu fooyya’aa ta’e akka fayyadamaniif carraa bana.
Barattoonni dandeettii olaanaa qaban carraa ogeessa, gaggeessaa, modeelaa fi barsiisaa ta’uu argatu, barattoonni dandeettii gadaanaa qaban immoo barattoota dandeetti olaanaa qaban kan garee isaanii keessatti argaman irraa ni fayyadamu.
Miidhaa
Tokkoon tokkoon barataa madaaluun rakkisaadha.
Barattoonni dandeettii gadaanaa qaban dhageefatttota ta’u, hojii irratti hin xiyyeeffatan.
Gareen qabiyyee barnootaa yookiin waan biroo irratti mari’achuu fi dhiisuu isaanii mirkaneessuun barsiisaaf rakkisaadha.
Barattoonni dandeettii olaanaa qaban, waan barattoonni muuxannoo yookiin dandeettiin isaan caalan garee sana keessa hin jirreef si’aayina dhabuu danda’u.
Barattoonni dandeettii gadaanaa qaban yeroo hunda gahee hoogganuu taphachuu irraa gargaaramtoota qofa ta’u.

Yaada: tooftaalee bishaan warshaa keessatti itti qulqulleeffamuu fi bishaan akkamitti akka dhimbiibamu, cirracha akkamitti akka darbu yookiin maloota naannoo keessanitti bishaanittiin qulqulleeffamu ilaaluu fi qo’achuu ni dandeessu.

2.1.1.4. Mala 3B


3B’n tarsiimoo yeroo baay’ee barnoonni saayinsii ittiin barsiifamuudha. B’n jalqabaa beekkumsa, B’n lammaffaa barbaaduu fi B’n sadaffaa waan baratame bakka bu’u. Tarsiimoon kun adeemsa barachuu keessatti gaaffiilee maaliin beeka? Maaliin barachuu barbaada? fi mata duree kana keessatti maaliin baradhe? Jedhaniif deebii kennuun barachuu barattootaa qajeelcha. Gaaffilee lamaan duraa adeemsa barachuun dura kan gaafataman yoo ta’u, gaaffii sadaffaan immoo adeemsa barachuun booda kan gaafatamuudha.
Barattoonni waa’ee mata duree sana waan dura beekan walitti fiduuf “B” jalqabaa, mata duree baratamaa jiru keessaa gaaffilee gaafachuuf “B” lammaffaa, argannoo walitti qindeessuu fi gaaffilee biroo mata duree baratamee ibsuuf “B” saddaffaa bakka buusuu 3B fayyadamanii saayinsii walsimaataa barachuuf haala mijeessuun ni danda’ama. Sadarkaan jalqabaa osoo adeemsa baruu-baarsiisuu hin eegalinii dura “B”jalqabaa, mata duree sana irratti yaad-rimee yookin hubannoo barattootaan dogoggorame adda baafachuu fi rakkoo kana furuuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatuuf gargaara. Mala kana hojiirra oolchuuf, barsiisaan yookin barataan gabatee roga sadi qabu hojjachuun maaliin beeka jechuuf “B”, maaliin barachuu barbaade jechuuf “B” fi maaliin baradhe jechuufsi “B” jedhee moggaasuu qaba.

Waa’ee mata duree sanaa maaliin beeka yookin beekna? Mata duree sana irra maaliin barachuu barbaada? Mata duree sana keessatti maaliin baradhe?

Fakkii 2.5Gabatee mala 3B gindeessuuf fayyadu
Gabatee armaan olii keessatti roga maaliin beeka jedhu jalatti tokkoon tokkoon barataa mata duree murtaa’aa tokko irratti waan beekan akka yaada burqisiisan taasisuu (fakkeenyaaf amaloota fiizikaalaa bishaanii) itti aansuun dhuunfaan, hiriyyaa waliin yookin garee xixiqqaan mata duree sana keessatti ammallee maal barachuu akka barbaadan gaaffilee gaafachuu, xumura irratti ni baratu, ni dubisuu fi odeeffannoo gaaffilee isaanitiif deebii kennuun walitti qabu, irratti mari’achuu fi roga maaliin baradhe jedhu keessatti gabaabsaanii barreessu. Gabateen 3B’n adeemsa barattoota jiddu galeeffate ta’ee, barnoota hundaa fi barattoota daree guutuu yookiin garee xixiqqoof ni fayyada.
Cimina
Barattoonni hirmaachuu fi mata duree sanatti akka gammadaniif carraa ni argatu.
Adeemsa barachuu bu’aa qabeessaa fi gammachiisaa ta’eef haala mijeessa.
Yaada burqisiisuun barattoonni mataduree sana irratti waan beekan akka yaadatan taasisa.
Yaada burqisiisuun fedhii, kaka’uumsaa fi si’aayinni barattoota akka dabalu taasisa.
Adeemsa baruu-barsiisuun dura yaad-rimee barattootan dogoggorame adda baasuuf gargaara.
Barattoonni dareetti waan baratan akka daree barnootan alatti babaliifalataniif carraa kenna.
Barattoonni mata duree sana irratti waan beekuu barbaadan gaafachuun waa itti dabalu.
Hanqina :
Barattoonni dogoggora akka hin uumne sodaachuun waan beekan barreessuu dhiisuu danda’u.
Wantoota barattoonni roga sadan keessatti barreessan ilaaluun rakkisaadha.

Yaada: roga tokooffaa fi lammaffaa osoo kutaa armaan gadii irratti hin mari’atiin barreessi. Dhukkuboota bishaaniin dhufan kanneen akka dhukkuba ameeban, dhukkuba jaardiyaan, dhukkuba calaaluun dhufanii fi taayifooyidii fi koleeraa akka mata dureetti fudhachuu ni dandeessa.

Kutaa 2.2 Dhukkuboota Bishaaniin Namatti Dhufanii fi Teeknooloojii Bishaanii (sa’aati 1:30)

Yaada gabaabaa
Dhukkubonni bishaaniin namatti dhufan, dhibee bishaani, bobbaa fi fincaan dhala namaa fi bineeldootaan faalame maayikiroo orgaanizimoota (Paatojiinoota) dhukkuba fiduu danda’an of keessaa qabu dhuguun namatti dhufuudha.Dhukkuboonni bishaaniin namatti dhufan ka’uumsii isaanii maayikiroo orgaanizimoota phaatojiinoota ta’anii bishaan haaraa faalaniinii. Dhukkuboonii faalama bishaaniitiin namatti dhufaan hedduudha. Isaaniis baay’inaan daa’imman biyyoota guddina irra jiraani miidhuun beekamu. Dhukkubooni bishaan faalameen dhufan beekamoon kanneen armaan gaditti isaanis:- Ameebiyasisii, Jiyardiyasisii, Shistosomayasisii, Koleera,Salmonelloosisii, Albaasaa, Taayifooyidii, Dhukkubaa Tiruu “A” fi kkf nidha.
Teeknoloojii bishaanii jechuun, Teeknoloojiitti fayyadamuun bishaan kunuunsuu, anniisaa humna bishaani irraa argamu guddisuu, dhiibbaa naannoon bishaan irraangahuu hir’isuudha. Bishaan qulqulleessuun, balfa bishaan irraa ittisuun, ifa bishaan irraa argachuun, jallisiin fi bishaan lafa jalaatti fayyadamuu danda’uun hundii isaani teeknooloojii bishaanitti fayyadamuu barbaadudha.
2.2.1 Tooftaa barsiisuu ( sa’aatii 2)
2.2.1.1 Mala Pirojeektii

Malli pirojeektii kutaa olaanuu keessatti ibsamee jira. Asitti gocha piroojeektii qabdu.

Yaada: Hidha humna ifa bishaan irraa argamu danda’u, hidha jallisii, akkaata bishaan itti qulqulla’uu, akkaata bishaan balfa irraa qulqulla’an, teeknoloojii bishaan lafa jalaa itti fayyadamuuf dandeessissu, geejiiba bishaanii fi kkf fayyadamu dandeessuu.
2.2.1.2 Mala Diraamaa


Malli diraamaa waan tokko fakkeessuun dhiyeessuudha. Malli kun artii, mala ittin of ibsuu danda’anii fi mala ittin barataniidha. Mala baruu barsiisuu bu’aa qabeessa ta’eedha. Sababiin isaas dandeettiin barattoota qaamaan, hawaasumman fi si’aayinaan akka hojjiirra oolu gargaara waan ta’eefiidha.Malli kun waan barattoonii naannoo isaanitti daawwatan akka haalan keessatti hirmaatanii agarsiisaan taasisaa. Qorannoon akka agarsiisutti barnoota mala diraamatiin barsiisuun akka baratttoonni barnoota akkaadaamii, hawaasummaafi waliin guddachuu baratan barsiisuuf gargaara.
Diraamatti fayyadamuun sirna barnoota barsiisuuf tooftaalee adda addaan daree keessatti ittiin hojjirra oolchinu qaba. Galmii mala diraamaan barsiisuu gochaaniifi akkatti ogummaa shaakalaan barsiisuu miti. Yeroo mala kana fayyadamne barsiisnu diraama “for performance” kan jedhu fi “diraama barsiisuuf” kan jedhu addaan baasne beekuun barbaachisaadha. Galmii diraamatti fayyadamani barsiisuu sirna barnoota keessa isaa ijoo barsiisu jechuudha.

Yaada rime barbaachisa, yaada, taa’ii ta’ee fi fedhii nama kakaasuuf beekumsa daddabarsuu, waa wal bira qabuuf fi waan barataan yaadannoo isaa tursiisuu fi kkf barsiisuu gargaara.

Diraamaadhaan gocha tokko dalaguun dandeetti waa uumu fi ogumma gadi fageenyaan yaadu uumuuf gargaara. Malli kun barsiisaan waa’ee barattoota isaa iyyaaffannoo funaannachuuf karaa addaatiin akka raawwachuu qabu taasisa. Barattoonni mala diraama taphachuutiin akkaata, yaada itti qindeessan, rakkoo itti furan, gareen hojjatan, garaagarumma itti furan fi akkaata tilmaama yaada isaani itti ibsan beeksisaaniif gargaara.Akkaata barattoonni taa’ii tokko mala diraamatiin itti dhiyeessan ilaaluun, akkamitti isaan taa’ii ta’e itti hubatan, hiika itti kennanii fi xinxalli itti kennani qabxii ijoo barnootaatiin wal-qabsiisan hubachuuf gargaara.

Cimina
Waan tokko calaqqisiisuu, ijaaruufi si’aayinaan barachuu daree keessaa jajjabeessa.
Barattonni hundii akka itti hirmaatanii fi ilaalan taasisa.
Akka barattoonni hundii wal-gargaarani hojjatan gargaara.
Barattoonni odeeffannoo argatan irratti hunda’uun akka gochaan barataan taasisa.
Barattoonni tilmaama isaani akka kalaqan wal-qabsisan taasisa.
Barattoota kakaasuun akka isaan haalan barnoota isaanii keessatti hirmaatan taasisa.
Daree keessatti mala adda addaa hojiirra oolchuuf gargaara.
Barattoonni akka wal-dinqisifataniif carraa kenna.
Barattoonni ofiif bashannanuun adeemsii barsiisuu akka bashannansiisaa fi si’aataa ta’uu taasisa.

Hanqina
Yeroo dheeraa barbaada
Mallaqa guddaa barbaachisa
Yeroo tokko tokko haala mijeessaa fi barattonni haala qabatama ergaa diraamaan qopha’e irraa akka maquu danda’uuf haal mijeessa.

Fakkeenya: Mata duree dhukkuboota bishaaniin dhufan jedhu. Mala diraamatti fayyadamuun barsiisuu dandeenya.
Yerroo mata duree kana mala diraamattiin barsiisnu, tokko gahee nama dhukkubsatee taphachuun mallattoolee dhukkubichaa doktorii ykn warraa isa/ ishee tti kan himan ta’u.
Namni lammaffaa immoo doktora ta’uun ka’umsa dhukkubichaa, mala ittisa dhukkubichaa fi qoricha fudhachuu qabu itti hima. Namni sadaffaan gahee warraa taphachuun gargaarsa dhukkubsataaf taasisa.Kanneen hafan immoo ka’umsi dhukkubichaa maal akka ta’e , mallattoo isaa,mala ittisa isaa fi tooftaa qorichi itti fudhatamu dhageeffachuun kanneen hubataniidh.

Yaada : Yeroo gareen tokkohojii isaa dhiyeessu gareen tokko ykn lama gahee dhukkubsataa , gahee doktora fi narsii taphachuu fi kanneen hafan immoo gahee warraa, hiriyoota ykn maatii dhukkubsataa ta’un fi hirmaattota ta’uun gahee bahuu qabu.
Guduunfaa boqonichaa
Bishaan molokiyuloota baay’inaan lafa kana irra jiraan ta’e, qabiyyee lafaa keessaa 70—75 % qabata. Bishaan uumamaan faalka dhangala’oo, jajjaboo fi gaaziin jiraata.Bishaan atoomii oksijjiinii tokko fi atoomii haaydiroojiinii lama irraa ijaarame.Bishaan amala fiizikaalaa adda addaa jireenya lubbuu qabeeyyiitiif barbaachisaa ta’e qaba. Isaanis:- dandeettii ho’aa guddaa qabaachuu,qabxii danfinaa guddaa qabaachuu,bulbulaa gaarii ta’u isaa, sarfees teenshiinii isaa, gocha kaapilaarii isaa fi kkf niidha.
Bishaan xurii karaa adda addaa itti seenuun faalamee dhukkubota bishaaniin namatti dhufan garagaraa nama qabuun nama miidhan fiduu danda’a.Bishaan haala sirna qaubun yoo itti fayyadamuu baanne faalamuu danda’a. Kanaaf bishaan tooftaalee adda addaatti fayyadamuun kunuunfamuu qaba.

Mata duree bishaan jedhu mala baruu-barsiisuu si’aata ta’e adda addaatti fayyadamuun barsiisuu qabna.Malleen kana keessaa murasni isaanii kanneen armaan gadiiti. Isaanis : mala yaada walii qooduu(‘think-pair-share’), mala pirojeektii, mala wal gargaaruun barachuu fi mala diraamaa ti.Malleen kun boqonnicha keessaatti ibsamani akkataan hojiirra olmaa isaani daree keessaatti gochaan deggaramanii jiru.

Malli diraamaa waan tokko fakkeessuun dhiyeessuudha.Malli wal- gargargaaruun barachuu adeemsa barattonni waliin ta’uun hojii keennameef hojjataniidha.
Malli pirojeektii mata duree qindaa’e ykn karoorfame tokko iraatti barattonni akka dhunfaan qorannoo gaggessan taasisuudha.

 Malacimdiin yaada walii qooduu (‘Think-Pair-Share’) tiin barachuun barataa dhunfaa iraa eegaluun gara daree guutuu darbuun barattonni hundi akka si’aayinaan hirmaatan kan taasisuudha.

Cheek Listii
Barattoota, himoota armaan gadii yoo deebisuu danda’an mallattoo (✓) mirkaneessi. Yoo deebisuu hin dandeenye immoo duubatti deebi’un boqonicha irratti marii’adha.
124
Nan danda’a: Eeyyee Lakki
Maalummaa bishaanii fi amala fiizikaalaa bishaanii ibsi.
Waantoota bishaan faalan tarreesuun miidhaa isaan gessisan ibsi.
Tooftaalee kunuunsa bishaanii ibsi.
Dhukkuboota bishaaniin namatti dhufanii fi miidhaa isaan qaban ibsi.
Saayinsii wal-simaataa barsiisuu keessatti malleen kanneen akka,“think-pair-share”,mala pirojeektii,mala wal-gargaaruun barachuu, mala KWL fi mala diraamaa ibsi.
Saayinsii wal-simaataa barsiisuu keessatti malleen kanneen akka,“think-pair-share”,mala pirojeektii,mala wal-gargaaruun barachuu, mala KWL fi mala diraamaa hojiitti hiiki.
Guduunfaa boqonnichaa kenni.

Tooftaalee/ istiraatejii boqonnicha hojiirra oolchuuf gargaaran.
Mala”Think-pair-share”, mala pirojeektii, mala wal-gargaaruun barachuu,mala KWL fi mala diraamaa ti.

Adeemsa baruu barsiisuu keessattii gochaalee haala mijeesaa fi barataa
Gochaalee barataa
Dhiyeesaa fi marii garee keessatti si’aayinaan hirmaachuu.
Hojii manee , abbaltii dhuunfaa fi gareen kenname hojjachuu.
Mala si’aayinaan barachuutti fayyadamuun garee xixiqqoon wal-barsiisuu.

Gochaalee haalamijeessaa
Qabiyyee fi malleen baruu barsiisuu ibsuu.
Meeshaalee fi gochaalee barbarchisaan qopheessuu fi raabsuu.
Yeroo barattonni dalagaa kenaameef dalagaan qajeelchuu.
Marii gareetiif haala mijeessuu.
Gocha barattoota iraatti yaada kennuu.
Iyyaafannoo gaggeessuu fi galmeessuu.

Tooftaalee/ Istiraateejii iyyaafannoo Boqonnichaa
Iyyaafaannaa dhuunfaa
Iyyaafaannaa garee
Diyeessa
Hirmaanna hojii garee fi barnoota daree keessatti
Hojii pirojeektii
Garee xixiqqoon wal-barsiisuu
Teestii, battallee, yaaliiwwan
Meesalee barnootaa
Meeshaaleen barnootaa:LCD,Pirojeekterii,Laabtooppii,Kitaaba barataa saayisii wal simataa kutaa 5-6, Silaabasii fi Qajeelchaa barsiisaa kutaa kanaa, Markeerii,Moodeela,Meeshaalee Laboraatoorii,Kiitii Saayisii fi Meeshalee naannootti argamani foyyeeffamaniidha.

Boqonnaa Sadii: Biqiltoota (sa’aatii 8)

Seensa

Boqonnaa kana keessatti waa’ee biqiltoota sadarkaa gadii, wal hormaata biqiltoota sadarkaa olii ,biqiltoota biqilchuu, akkaata oomisha midhaanii itti sassabanii fi itti kuusan, teekinololoojii qonnaa, toofta bosona itti eegan fi ittiin kuununsanbarattu. Boqonnan kun mala baru-barsiisuu barattoota giddu galeessa godhatetti fayyadamuun mata duree kana barsiisuu irratti xiyeeffata. Kanaaf mala baru- barsiisuu si’ataa ta’ee mata duree kanaaf filatamaan irratti ibsi isiniif kennama. Malleen boqonnaa kana keessatti ibsamanis: maappii Yaad-rimee, minjaalatti naan’aanii taa’un barachuu, daawwannaa dirree, mala garee baazii ti. Malleen kunis tooftaa baru-barsiisuu si’ataa ta’een qabiyyee boqonnichaa keessatti argamu barsiisuuf gochaan deggeramuu qaba. Dabalataan malleen kanneen akka daawwanna, “think-pair-share” fi laboraatoorii qabiyyee kana barsiisuuf itti ni fayyadamna.

Kutaa 3.1 Biqiloota Sadarkaa Gadii, Wal hormaataa Biqiloota Sadarkaa Olii fiBiqiloota Biqilchuu (1hr)

Ibsa gabaabaa
Biqiltoonni sadarkaa gadii kan akka saaphaphuu, biriyoofaayta (moosii, liverwortii fi hornwortii) fi kaarolee ofkeessatti qabata. Fangasoonni orgaanizimoota iyukaariyoota ta’ani maayikroo- orgaanizimoota seel qeenxee kannen akka raacitii fi kan seel hedduu ta’an kaneen akka coommee ofkeessatti qabata. Dameen baayoloojii waa’ee fangasii qu’atu maayikoloojii jedhama.
Orgaanizimoonni mootummaa fangasii keessatti argaman ikolojii fi dinagdee keessatti faayidaa guddaa qabu.Faayidan isaanis:- Sirnakoo keessatti marsaa nutireentoota gaggeessuu,biqiltoota waliin wal-utubbiin jiraachuu, madda qorichoota adda addaa ta’uu fi akka sooratatti gargaaruudha.Akkasumas fangasonni biqiltootaa fi bineeldota iraatti dhukkuboota garaagaraa fidu .

Saaphaphuun orgaanizimoota garee bal’aa fi garaagarummaa guddaa qabaniidha.Orgaanizimoota biqiltoota fakkaatanii fotoosintesisii gaggeessanii fi bishaan keessa jiraataniidha.Saaphaphuun caasaalee hidda,jirma,baala, tishuu vaaskuularii dhugaa ta’e hin qaban.Caasaa mal-hormaata salphaa ta’e qabu.Saaphaphuun yeroo amma mootummaa pirootiista jalatti ramadamanii argamu. Saaphaphuun hundi iyukaariyoota kan ta’anii fi adeemsa footoosinteesisii kilooroopilaastii membireenii aguugame keessatti gaggeessu. Diyaatomsii,kilooroofaayita,diinoofilaajileetii,kiriisofaayita,fayoofaayita fi redoofaayitaan fakkeenya garee saaphaphuu ti.

Yaada Yeroo faayidaa saaphaphuu ibsitan faayidaa isaan dinagdee fi ikoloojii keessatti qaban irratti xiyeeffadha.

Biriyoofaayitoonni biqiltoota caasaa kanneen akka hidda, jirma,damee,baala,tishuu vaaskulaarii fi daraaraa hin qabneedha.Wal-hormaata isaaniitiif ispoorii oomishuu yookiin adeemsa vajiteetiviitiin raawwatu.Iddoo jiidhinaaf gaddisa qabu keessa jiraatu. Sababiin isaas adeemsa fertilaayizeeshiniitiif bishaan sanyii kormaa baatee sanyii dhalaa biraan gahuuf gargaara waan ta’eefi.
Kaarroleen biqiltoota sadarkaa gadii keessaa tokko ta’anii kan biqiltoota sadarkaa olitti dhiyataniidha.Biqiltoonni kun caasaa kanneen akka hidda, jirma, baala,tishuu vaaskulaari,kutiikilii fi kkf ni qabu. Daraaraa fi sanyii hin qabani. Ispoorii oomishuun wal-horu.Fertilaayizeeshiiniif bishaan isaan barbaachisa.

Biqiltoonni sadarkaa olii garee biqiltoota jiminoospermii fi anjiwoospermii kan ofkeessatti qabatuudha.Tokkoon tokko garee biqiltoota kanaa amala mataa isaanii qabu. Adeemsa wal-hormaata saalessaa fi al-saalessan wal-horuu danda’u. Adeemsi wal-hormaata saalessaa isaanii fakkii armaan gadiitiin ibsamee jira.
Jiminoospermoonni biqiltoota vaaskulaarii sanyii hin golgamne qabaniidha.Biqiltoonni kun baala lilmoo fakkaatu yookiin iskeelii ta’ee fi hidda haalan gadi dheeratu qabu. Caasaa adeemsa wal-hormaata saalessaatiif gargaaru koonsii qabu. Koonsiin kun koonsii kormaa fi dhalaa jedhamuun bakka lamatti qoodama.Koonsiin kormaa bullaa daraaraa (poolen gireenii) qopheessuuf yoo gargaaru koonsiin dhalaa immoo hanqaaquu qopheessuuf gargaara.Adeemsi bullan daraaraa (poolen gireeniin)yeroo wal-hormaata gara qaama dhalaa itti darbu poolineeshinii jedhama.Poolineeshiniin booda fartilaayizeeshiniin gaggaaffamuun imbriyoon uumame guddinni itti fufuun sanyiin uumama (fakkii 3.1).Fakkeenya: Saayikasii,Konifferii, Ginkgo fi Jentoofaayitii.

Fakkii 3.1 Marsaa jireenya jiminoospermootaa
Anjoospermoonni biqiltoota daraaraa qabeeyyii baay’ee milka’oo ta’anii fi sanyii firiin golgame qabaniidha.Qaama wal-hormaata saalessaaf isaan gargaaru daraaraa qabu.Qaamni wal-hormaata kun caasaalee adda addaa qaba. Isaanis :Qaama kormaa(stamen),qaama dhalaa (pistil),baala daraaraa(petals) fi utubaa baala daraaraa(sepals) ti.Fakkii(3.2) ilaala.

Fakkii 3.2 kutaalee daraaraa
Anjoospermoota keessatti fartilaayizeeshinii dachaatu gaggeeffama.Akkuma poolen gireeniin adeemsa polineeshiniitiin istigimaa qamaa dhalaa irra gaheen ujummoon poleni uumamuun niwukilaayiin lamaa ujummoo keessa darbuun qaawwa maayikirofiili jedhamuun qalqallo imbiriyoo seenu.Kanaan booda niwukilaayiin tokko hanqaaquu misoomsun zaayigootii(2n) uuma.Niwukilaayiin lammaffaa immoo niwukilaayii polaarii misoomsun indoospermii(3n) uuma.Fakkii (3.3) ilaala.Xumura irratti hanqaaquun misoomte sanyii firiin aguugameetti guddata.Sanyiin firii keessaa ba’uun karaalee adda adaatiin faffaaca’uun yeroo haala mijaa’aa argate biqluun marsaa jireenyaa isaa itti fufa.

Fakkii.3.3 Marsaa jireenyaa anjoospermootaa.

Yaada:Akaataa uumama poolen gireenii fi qalqalloo imbiriyoo ibsuuf yaad-rimee maayikiroosporojinesisii fi meegasporojinesisii haala barreeffama walduraa duuba isaaniitti fayyaadamuun ibsa.

Adeemsa biqiltuu biqilchuu keessatti sanyiin biqiluun biqiltuu xixiqqoo uumu.Biqiltuun xixiqqoon kun adeemsa keessa gara biqiltuuwwan gurguddootti ykn mukeenitti guddatu.
Tartiibni biqiltuu biqilchuuf keessa darbamuu qabu:sanyii walitti qabuu,madabii sanyiin irra dhaabatu ykn pootii qopheessuu,dallaa itti ijaaruu,gaaddisa itti ijaaruu,sanyii dhaabuu(facaasuu),wantoota biqiluu sanyiitiif barbaachisan(bishaan fi nutireentoota) haala barbaachisummaa isaatiin itti godhuu fi akka ilbiisotan hin miidhamne ittisuudha.
Akkuma biqiltun guddatee bakka dhaabbataan itti guddatuutti dabarsuun gaheen:bolla hidda biqiltuu qabachuu danda’uu qotuun qopheessuu,biqiltuu dabarsanii dhaabuu,hanga biqiltuun ofdanda’ee dhaabatutti muka cinaa dhaabuun itti hidhuu,akka horiin hin nyaatamne eeguu fi hanga hiddi biqiltuu ofdanda’ee bishaan isaa barbaachisu harkisuu danda’utti bishaan obaasun kunuunsa barbaachisu taasisuudha.

Yaada:Yeroo faayidaa biqiltoota ibsitan:madda soorataa, qorichoota isaan irraa qopha’aan, uffata isaan irraa tolfamu irratti,meeshaalee adda addaa isaan irraa qopha’uu irraatti,qilleensa mijaa’aa uumuu isaanii, dhiqama biyyee ittisuu isaanii fi kkf irratti xiyeeffadha.
3.1.1 Tooftaalee barsiisuu(sa’aatii 3)
3.1.1.1 Mala maappii yaad-rimee


Malli maappii yaad-rimee giraafitti fayyadamuun beekumsa qindeessuu fi bakka buusuudha. Wantoota ijoo sadii ofkeessaa qaba. Isaanis:yaad-rimee, jecha ittiin walitti hidhamuu fi yaada dhiyatee kan babal’isuudha. Jechi yaad-rimee lamaa fi isaa ol-walitti hidhuuf gargaara.Yaad-rimeen yeroo hunda geengoo ykn sanduqa keessatti barreeffama.Hariiron yaad-rimee lama giddutti argamu sarara wal-qabsisuun ibsama.Jechi sarara irratti argamu immoo jecha wal-qabsiistuu jedhama.Kunis hariiroo yaad-rimee lamaan gidduu jiru ibsuuf gargaara.
Fakkeenyaaf maappii yaad-rimee biqiltoota daraaraa fakkii (3.4) armaan gadii irratti,biqiltuu xiqqoo,biqiltuu giddugaleessaa fi biqiltuu ga’eessaa kan jedhuu yaad-rimeedha.Jechoonni kan irraa hojjataman jedhuu fi kan itti guddatan jedhu jechoota wal-qabsistuu jedhamu.Walitti “pirooposeshiinii” sadii uumu. Isaanis:- sanyiin biqiltuu xiqqootti biqila,biqiltuu xiqqoon gara biqiltuu giddugaleessatti guddata,biqiltuun giddugaleessaa immoo gara biqiltuu ga’eessatti guddata kan jedhuudha.Kanaaf maappiin yaad-rimee maal akka ta’e hubachuuf sadarkaa bu’uura sadan beekun barbachisaadha.Isaanis:hubannoo maappii yaad-rmee qabaachuu,akkaata maappiin yaad-rimee itti ijaaramu fi haala itti fayyadama maappii yaad-rimee qabbchuudha.

Fakkii 3.4Maappii yaad-rimee biqiltoota daraaraa.
Maappiiyaad-rimee ijaaruuf sadarkaa shan keessa darbamuu qaba.Isaanis:
1.Sadarkaa Sammuuu dhiluu: sadarkaa kanatti dhugaa, jechoota fi yaada matadureen wal-qabatu tarreessuudha(jecha ykn hima gabaaba ta’uu danda’a).Gareen hundi kan ofiif itti yaade barreessuu qaba.
2.Sadarkaa qindeessuu (gurmeessuu): sadarkaa kanatti kanneen wal-fakkaatan gareen ykn garee xixiqqoon duraa duuba isaanii eegun qindeessuudha.Wantoota addan baaste qindeessuuf keessaa bastees itti deebisuuf ykn yaada haaraa argamees itti dabaltee qindeessuuf obsa qabaadhu.Hubadhu yaad-rimeen tokko tokko garee hedduu keessa seenu danda’u. Kun immoo boodarratti faayidaa qaba.

3.Sadarkaa waraqaa irratti ibsuu: sadarkaa kanatti wantoota addaan baaste duraa duuba eegun waraqaa irratti ibsuudha.Yeroo kana hariiroo wantoota addaan baasne gareen qindeessine yaada keessa galchuu qabna.Yaad-rimee baay’ee murteessaa ta’e wiirtuu keessa ka’uun ykn gara gubba ka’uun fayyadamuudha.
4.Sadarkaa walitti qabsiisuu:Sadarkaa kanatti waantootaa sararaa xiyyatti fayyadamuun walitti qabsiisuudha.Hariiroo wantoota walitti qabsiifamani ifa gochuuf sarara xiyyaa irratti jechoota ykn hima gabaabaa barreessuun ibsa.Xiyyaa heddun yaad-rimee ijoo irraa ka’uun ykn gara yaad-rimee dhufuu danda’u.
5.Sadarkaa xumuraa maappii yaad-rimee: sadarkaa kanatti maappiin yaad-rimee gareen irratti waigalame gara maappii yaad-rimee dhaabbataatti jijjiirun akka gareen biroo ilaalee yaada itti kennu taasisuudha.Maappii yaad-rimeetiif mata-dureen kennamuu qaba.
Daree keessatti gocha maappii yaad-rimee bu’aa qabeessa ta’e hojiirra olchuuf: dursa akkaata maappiin yaad-rimee itti ijaaramu irratti barattoota leenjisuu qabda.Lammaffaarrattii tokkon tokko barataa akka maappii kaasan taasisi.Sadaffaarratti garee xixiqqoon maappii gareen garaa garaa kaasan ilaalanii yaada fooyyee ta’e keessaa fudhatanii dareetti irrati mari’achuun maappii yaad-rimee xumuraa haa qophessan.

Gosoota maappii yaad-rimee
Maappiin yaad-rimee gosa afurtu jiru. Isaanis:
1.Maappii yaad-rimee ispaayidarii: gosa maappii yaad-rimee kanaatiin qabxiin ijoon wiirtuu keessatti yoo argamu qabxileen biroo immoo qabxii ijoo kanatti naanna’uun argamu.
.

2.Maappii yaad-rimee tartibeessuu: gosa mappii yaad-rimee kanaan qabxii ijoon gubbaatti argamuun qabxileen biroo kan faayidaan isaani guddaa ta’e irraa gara xiqqaatti gadi diriira deema.

3.Maappii yaad-rimee yaa’iina yaada : gosa maappii yaad-rimee kanaan odeeffannoo haala toora qabeessa ta’en diriirsuudha.

5.Maappii yaad-rimee sirnawaa:gosamaappii yaad-rimee kanaan odeeffannoo haala toora qabeessa ta’een diriirsuun cicaatootaa fi bu’aa itti dabaluudha.

Cimina
Akka barattonni odeeffannoo giraafiin walitti fidanii qindeessun babalisaniihubataniif gargaara.
Yaad-rimee ijoo ta’e qindeessuuf gargaara.
Barattonni waan baratan haala hubataniin akka ibsaniif gargaara.
Gareen barachuu fi hubannoo maappii yaad-rimee gareen hojjachuu jajjabeessa.
Barattonni yeroo maappii yaad-rimee saayinsii baratanii irratti gareen mari’atan waan baratan haalan akka hubataniif gargaara.
Barsiisan sadarkaa beekumsa barattoota isaa akka hubatuuf gargaara.
Gadifageenyan barachuuf gargaara.
Daree barattoota hedduu qabu keessati dhunfaan ykn gareen akka maappii yaad-rimee cinaa guutan ykn muraasa isaa guutan taasisa.
Hanqia
Yeroo tokko tokko hariiroo maappii yaad-rimee hubachuuf rakkisaadha.
Barattonni ogummaa maappii yaad-rimee uumu fi hiikuu qabaachuu dhabuu danda’u.
Barattootaaf mala baratamaa ta’uu dhabuu.

Yaada: yaad-rimee kanneen akka wal-hormaata saalessaa,wal-hormaata al-saalessaa,caasaa wal-hormaataa kormaa ,caasaa wal-hormaataa dhalaa, gaametti kormaa, gaametti dhalaa, fartilaayizeeshinii, sanyii, indoospermii fi kkf fayyadami. Akkasumas tartiiba maappiin yaad-rimee ittiin ijaaramutti fayyadami.
3.1.1.2 Mala agarsiisaa
Malli agarsiisaa boqonnaa tokkoffaa keessatti ibsame jira. Amma garuu mala kana hojiirra olchuuf gocha ittiin shaakaltan qabdu.

Yaada:moosii jiidhaa,saaphaphuu jiidhaa,fi kaarrolee jiidhaa naannoo keessanii walitti qabun ykn goggogaa isaanii herbariyeemii keessaa baasuun agarsiisuu dandeessu.

3.1.1.3. Mala minjalatti naanna’aanii ta’uun barachuu


Malli minjalatti naanna’aanii ta’uun barachuu istiraateejii walgargaranii barachuu ta’e,barattonni daree keessatti argaman gaaffii barsiisaan isaani kenne irrattitokko tokkoo isaaniittiin deebii itti kennu yaaluudha.Yeroo kenname keessatti deebiiwwan hedduun kennauu danda’u. Barsiisaan gaaffii ykn gocha deebii hedduu qabaachuu danda’u waraqaa tokkoo fi kophee tokko waliin tokko tokkoo garee tiif kennuu qaba. Barataan jalqbaa yaada isa waraqaa irratti barreessun waraqaa irratti barreesseefi kophee barata isa cinaatti dabarsuu qaba (fakkii 3.5 ilaala). Gareen hundi dalagaa isaanii erga xumuranii booda yaada isaanii daree hundaaf qooduu qabu.

Fakkii 3.5 Mala minjalatti naanna’aanii taa’un barachuu (source: http://www.ninitalk.wordpress.com)

Cimina
Barattonni hundi akka deebii kennan taasisa..
Wanta barattonni dursani beekan murteessa.
Waliigaltee gaarii garee fi miseensota garee giddutti uuma.
Qabiyyee keessaa deebi’uu fi ogummaa shaakaluuf gargaara.
Tokkoon tokkoo barataa daree keessaa beekumsa isaanii baasuun marii garee keessatti wliif qooduu isani mirkaneessa.
Yaada sammuu keessaa baasani shaakaluuf mijaa’aadha.
Gareen daree barnoota yeroo tokko mata duree tokko irratti yaada walfakkaatu akka argtuuf gargaara.

Yaada:Yeroo mala kanatti fayyadamtee mataduree kenname kana barsiistu: uumama ispoorii, dhaloota gameetoofaayitii fi dhaloota ispoorofaayitti irratti xiyyeeffadha.

3.1.1.4 Mala laaboraatoorii
Malli laaboraatoorii boqonnaa tokkoffaa keessatti ibsamee jira.Amma garuu mala kana hojiitti hiikuuf gocha ittiin shakaltan qabdu.

Yaada:Dhaloota gaameetoofaayitii fi ispoorofaayitti biriyoofaayitoota fi kaarrolee wal-bira qabun garaagarumma isaanii addan baasu. Akkasumas ispooranjiyaa kaarrolee,baala kaarrolee,ispoorii kaarrolee fi kan kana fakkaatan ijaan ykn maayikroskooppiitti fayyadamun ilaalun addan baasa.

Kutaa 3.2 Midhaan Oomishuu fi Kuusuu, Teeknoloojii Qonnaa, Tooftaalee Eegumsaa fi Kunuunsa Bosonaa (1/2hr).

Yaada gabaabaa
Midhan sanyii adda addaa haala itti fayyadama isaanii irratti hunda’un karaalee adda addaatiin kuufamuu danda’u.Kana jechuun midha bara dhufu sanyii ta’ee faca’u, kan gabbisa horiitiif oolu fi kan itti fayyadama addaatiif oolu irratti qotee bulaan akkaata itti oomishuu fi itti kuusu irratti hubannoo gahaa ta’e qabaachuu qaba.Midhan maaliif akka fayyadamnu yoo beekne yeroo itti oomisha isaa sassabnuu fi akkaata itti kuusnu irratti xiyyeeffannoo kennuu dandenya.
Yeroon sanyiin midhanii tokko itti bilchaatee sassabamuu fi itti kuufamu faayida booda kennan irratti hunda’a.Yeroo bilchina sanyii midhanii fi akkaataan itti kuufaman sanyii midhani tokko irraa isaa kan birootti garaagarummaa qaba. Akkasuma sanyii midhanii tokko keessattillee garaagaraa ta’uu danda’a.
Yeroon midhan bilchaatee ittii sassabamuu fi akkaataan kuusaa midhanii jiidhina miidhan keessatti argamuun hariiroo qabu.Bilchinni sanyii ulfaatiina tishuu gogaa sanyii midhanichaa irratti hunda’a.Sanyiin midhanii tokko jiidhinni isaa 40% yoo ta’e ulfaatina tishuu gogaa olaanaa sanyiin midhanii tokko qabaachuu qabu qaba jedhama.Garuu jiidhinnii sanyii miidhanii keessatti argamu kun 5% hanga 10% sanyii miidhanii irratti huna’uun garaagarummaa agarsiisuu dana’a.Sanyii midhanii osoo hin bilchaatiin yoo sassabame hanqinaalee kanaan gadii qabaatu: oomisha xiqqaa,qulqullina gadi-aanaa, qabiyyee istaarchii / shukkaara/ gadi-aanaa, shuntuuraa fi ulfaatiina dhandhamaa gadi-aanaa qabaatu.

Yaada:Akkaata midhan mala aadaa fi hammayyaatiin itti sassabamu: qisaasa’amuu midhanii,baayina nama hojjatu, yeroo fudhatu, bal’ina lafa qotamuu,fedhii fiizikaalaa isaa(physical demanding),meeshaa barbaachisuu fi kan kana fakkaatu irratti hunda’un walbira qabaan ilaala.Barattonni kuusaa midhaanii gaarii ta’e, kan ilbiisonni midhaan keessatti hin nyaannee, yeroo hangamiif akka midhaan kuusaa keessa turuu fikan kana fakkaatu irratti xiyeeffachuu qabdu.

Qonni gocha biqiltoota bu’aa qabeessa ta’an ykn bineeldoota fi bu’aa bineeldootaa oomishuu ti.
Qonni, lafa qotuu, midhaan facaasuu fi sassaabuu,kuduraalee fi muduraalee dhaabuu fi sassaabuu, horii horsisuu fi bu’aa oomsha horii ofkeessatti qabata.Qonni dinagdee Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa qaba Uummata biyyitti keessaa 80% qonna irratti bobba’ani argamu.Qonnaan bulan midhaan nyaataa oomishuu fi midhaan gurgurtaaf oolan oomishuun biyya alaatti gurguruun galii isaa uumata jira.Qonnaan bulan keenya yeroodheeraadhaaf mala aadaatti fayyadamee qotaa turus,yeroo ammaa mala hmmayyaatti faayyadamuu eegaluun oomisha isaa guddisaa jira.Kana irraa kan ka’e qonnaan bulaa biratti fedhiin teeknooloojii hammayyaa dabalee jira.
Teeknooloojii qonnaa kan jedhaman meeshaalee fi maashinoota adda addaa adeemsa qonnaa keessatti seektera qonnaa gargaruudhaaf gahee guddaa qabaniidha.Teeknooloojii qonnatti fayyadamuun qonnaan bulan cicatoota armaan gadiitti fayyadamuun oomisha isaa guddisuuf fedhii qaba.Cicatoonni kunis, xaa’oo, sanyii midhaan diqaalomee fi sanyii filatamaadha.

Sanyii filatamaan: sanyii dafee biqilu, sanyii biyyee gabbina hin qabne keessatti biqiluu danda’uu,sanyii hanqina rooba dandamachuu danda’u, sanyii ilbiisootan nyaatamuu dandamachuu danda’u, sanyii saffisan guddatu, sanyii oomisha guddaa kennu, sanyii gurguramee gatii gaarii baasu fi kan salphatti oomisha isaanii walitti qabuun danda’amuudha

Qu’annoon akka ibsutti lafa biyya keenyaa keessaa 40% bosonaan kan haguugamee ture ta’uu isaati. Kuni garuu haguugnii isaa yeroo ammaa gara 3% gadii bu’uun kunis kibba dhiyaa biyyattii keessatti argama. Kunis kan ta’uu danda’eef, bosona lafa qonna babal’isuf jecha ciruun,ijaarsa adda addaatiif ciruu fi madda anniisa adda addaatiif jecha ciruuniidha.Bosonni ciramee badun isaa miidhaa armaan gadii qaba: Dhiqama biyyee saffisiisa,hongee fida,bineensonni bosona iddoo jireenya dhabuu fi sababii C02 n atimoosfarii keessatti kuufamuuf jijjiirama qilleensaa fida.Kanaaf bosona keenya kunuunsuu qabna.Kana irraa kan ka’e Itiyoophiyaan yeroo ammaa bulchinsaa bosona hirmaachisaa ta’e hojiirra oolchaa jirti.Kunis kan irratti xiyyeeffate bosonni akka maddaa galii addaa ta’uun, kanniisa keessatti horsiisuun fi baayoo gaazitti fayyadamuudha.Kana milkeessudhaaf Itiyoophiyaa keessatti wagga waggaan biqiltuu miliyoonatti lakka’amutu dhaabataa jira.
3.2.1 Tooftaalee barsiisuu( sa’aatti 3 fi 1/2)
3.2.1.1 Mala daawwanna dirree

________________________________________________________________________________________________________________________________________________________Daawwannan diree mala baruu-barsiisuu daree barnootaatiin alaa ta’e dhugaa jiruu fi tiwoorii wal-qasiisuuf gargaaruudha.Malli daawwannaa diree barnoota keessatti akka barattonni waan tokko hubachuuf dubbisuu fi dhaggeffachuu caalaa haala qabatama jiru irraa muuxannoo irratti hunda’ani barataniif carraa hedduu kenna.Malli kun akka qaamni miira barattootaa shanaan adeemsa keessatti hirmaatu taasisa.Isaanis : Ilaaluu, tuquu, suufuu,dhageettii fi dhandhamuudha.Haala qabatama jiru keessatti barachuun barnootaa kan daree caalaa hubatamaa fi kan yaadatamu danda’u taasisa. Kana irraa kan ka’e barattonni qabiyyee barnootaa irratti hubannoo gaarii argatu Malli kun akka barattonni bu’aa qabeessummaa fi itti fuufiinsa barnoota daree keessaa dinqisifataniif gargaara.
Qajeelfama daawwannaa dirree
Kaayyoo addaan baasuu, madaalli fi karoora qabaachuu.
Mata duree irratti hunda’uun iddoo daawwannoo filachuu,guyyaa murteessuu fi yeroo murteessuu.
Karoora daawwannaa dirree akka mirkana’uuf bulchinsa dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu.
Sagantaa daawwannaa dirree qopheessuu
Dhimma daawwannaa dirree irratti maatii barattotaa waliin marii gaggeessuu
Nyaataa fi dhugaatii barbachisaa ta’e qabaachuu
Liistii maqaa barattootaa fi lakkoofsa bibilaa isaanii qabu qabaachuu
Meeshaalee barbachisa ta’an kana akka kaameraa fi yoo barbachiisa ta’e qarshii gahaa ta’e qabaachuu.
Faayidaa daawwannaa dirree irratti barattoota waliin marii taasisuu
Akkaata gaaffilee gaarii gaafachuu danda’an irratti marii’achuu fi gaaffilee banaa ta’aani odeeffannoo ofkeessaa qaban qopheessuu
Akka barattonni waan daawwannaa dirree irraa hubatan irratti waaliin marii’achuun yaada waal jijjiru danda’an taasisuu.
Madaalli daawwannaa dirree gaggeessuu
Cimina
Barattonni haala qabatama jiru akka hubataniif gargaara.
Barattonni waan daree keessatti baratan dhugaa jiruun akka wal-bira qabanii hubataniif gargara.
Qulqullina barnootaa dabala.
Wantii dhokataa ta’e akka saffisaan baratamuu danda’u taasisa.
Fedhii barattonni barnootaaf qaban akka dabalu taasisa.
Hariiroo hawaasummaa baratootaa fi barattoota gidduu, barattootaa fi barsiisaa gidduu jiru cimsa

Hanqina mala kana
Qopheessuuf ulfaataadha.
Manni barnoota meeshaa barbachisoo fi baajata barbachisu kennuuf eeyyamamaa ta’uu dhabuu danda’a.
Barattonni muraasni waan barsiisan jedhun fudhachuu dhabuu danda’u.
Rakkoon fayyaa batattoota qunnamuu mala.

Yaada: mala daawwannaa dirree fi qajeelfama isaa irratti hunda’uun gocha kename hojjadha..

Yaada:Gocha kana raawwchuuf mala daawwii dirree hordofa.
3.2.1.2 Mala garee baazii


Malli garee baazii garee marii xixiqqoo miseensoota 2 hanga3 qabu ta’e kan gaaffii murta’aa ykn odeeffannoo murtawaa irratti mari’atuudha. Garee guddichi daree keessaa garee marii xixiqqoo kanatti qoodamuun gaaffilee tokko ykn lamarratti daqiqa tokko hanga lamaatti mari’atu, sanaan booda akka gareetti irratti mari’achuun hubanno jiru cimsatu,gocha kana hanga yeroo barnoota dhumutti daqiqaa 15 itti fufu (Fakki 3.6) yeroo kana daree barnoota sagalee (waca) garee marii xixiqqoo baaziin guutama. Maqaan gareen baazii kan moggaafamee sagalee yeroo marii garee xixiqqoo uumamuu irraati. Mala kana daree hunda keessatti hojirra oolchuun ni danda’ama.
Hirmaattonni mala kanatti fayyadamuun mari’atani yaada waal jijjiirun muuxannoo duraan qabaniin wal-qabsifatu.Dareen baazii gaarii ta’e yaadafi ilaalcha wal-jijjiiruu fi dhumaa irratti dareef gabaasuuf gargaara.Gaaffileen mala kanaan irraatti mari’ataman salphaa fi cufaa(dhugaa fi soba) kan hiika hedduu qabu,baayy’ee waan waliigalaa fi baayy’ee kan bal’ate ta’uu hin qabu.Gaaffilee barattoota si’eessun fedhii keessatti uumuu danda’ani, garuu battalumatti hin deebinetti fayyadama.

                                 Fakkii.3.6  mala garee baazii  (source: http://www.diffundo.com)

Qajeelfama itti fayyadama garee baazii bu’aa qabeessa taasisu.

Garee xixiqqoo uumuun dura gocha irratti mari”achuu.
Gareen barattoota dandeetti adda addaa qabanii fi saalaan wal-makeessa makamee gurma’uu qaba.
Marii garee irraa deemuun ilaaluu fi akkaata gabaasa qopheessan irratti qajeelchuu.
Gaggeessaa garee haala barbaachisa ta’en jijjiiruu.
Barattota si’eessuu fi deebii qubsaa argachuuf gaaffilee walitti dhiyaatan garuu garaagaraa ta’e gareef kennuu.
Yoo gaafileen garee hunda walfakkaata ta’e, gareen tokko kan biroof yaada dhiyeessun qabxii haaraa argatan fudhachun dhumarratti gareen tokko yaada tokko qofa akka kennu taasisun garee hunda waliin gahuudha.
Yeroon sirritti eegamu  qaba.

Haqina
Yeroo kenname keessatti xumuruuf ulfaata ta’uu.
Barattoonni dhimma biroo irratti yaada wal-jijjiiru danda’uu waan ta’ef marii garee to’achuun ulfaata ta’uu.
Gabaasni barattoota sirrii ta’uu dhabuu danda’a
Gochi wal-fakkaatan nuffisisaa ta’uu danda’a

Yaada: Gocha kana akka madda odeeffannootti fayyadamuuf mala aadaa fi kan hammayyaa irratti xiyeeffachuu qaba.
3.2.1.3 Mala yaaduun gareen mari’achuu
Malli kun boqonnaa lammaffaa keessatti ibsamee jira. Amma mala kanatti fayyadamuun gocha kenname hojjadha.

3.2.1.4 Mala gaaffii fi deebii

Malli kun mala baruu-barsiisuu barsiisan gaaffii gaafachuun barattoonni immoo deebii deebisaniidha.Malli kun barattonni adeemsa baru- barsiisuu keessatti akka si’aayinaan hirmaatan taasiisa.Akkasumas barattonni akka sadarkaa xinxaluun barachuu irra darbanii sadarkaa barachuu olaanaa kan akka, wantoota gurmeessuu,babal’isuu,kan bal’ate dhiphisuu fi odeeffannoo argame irratti hunda’uun murteessu irra akka gahan jajjabeessa.Iyyaafanna gaaffii afaaniitiin barachuu barattootaa fi barsiisuu barsiisaa addaan baasuuf gargaara.Malli gaaffii fi deebii kun sadarkaa seensa, dhiyeessa,cimsuu fi madaalli keessatti hojjirraa olchuun ni danda’ama.
Mala kana daree keessatti hojiirra olchuuf gaaffii sadarkaan ulfaatiina isaa garagaara ta’ee muuxannoo barattootaa fi dandeetti barattootaa waliin deemu gaafadha.Adeemsa gaaffii gaafachuu, yeroof dhaabuu fi akka tasa akka deebii deebisan(Pose, Pause and Pounce (PPP) hordofa.Kana jechuun gaaffii gaafachh, daqiiqaa 2 fi isaa ol callisuun booda akka deebi kennan barattoota affeeruudha.Yeroo barattoota irraa deebiin fuudhamuu kanneen harkaa baasan qofa irra osoo hinta’iin akka tasaa barattota daree hunda irraa fuudhu qabdu.Barattonni deebii kennu isaaniitiif jajjabeessuun akka bal’inan dubbisan qajelcha.

Cimina mala gaafii fi deebii
Adeemsa baruu-barsiisuu hunda keessatti hojiirra oolu danda’a.
Barattooni waan yaadan akka calaqqisisan ni jajjabeessa.
Garaagarummaa adeemsa baruu-barsiisuu fi tooftaalee baruu-barsiisuu adaa addaa ni jajjabeessa..
Hanqina barattoota dhuunfaa addaan baasuuf gargaaraa.
Yaada bal’isuu figurmeessuuf yeroo kenna.
Gaafileen dhiyaatan madaalliif osoo hin taane hubannoo uumuuf gargaara.
Qabiyyee irratti akka yaada wal-mormisiisu dhiyeessani irratti waligalamuuf carra kenna.
Ogummaa yaada kennu, sababeessuu fi gaaffii gaafachuu akka horatan taasisa..
Dug- duubee fi ilaalcha barata beekuuf gargaara.
Kallatti hojii manaa itti qopheessan agarsiisuuf gargaara.

Yaada: Dorgommii haramaan midhanwaliin taasisu, dandeetti saffisaan guddachuu isaa,sanyii hedduu oomishuun iddoo bal’aa qabaachuu isaanii irratti xiyeeffadha.To’annoo isaanii keessatti mala makaaniikaalaa fi keemikaalatti fayyadamuun akka danda’amu hubachuun hanqinaa fi cimina isaanii ibsa.
Guduunfaa Boqonnichaa.
Biqiltonni biqiltoota sadarkaa gadii, saaphaphuu, biriyoofaayitoota fi kaarrolee jedhamuun qoodamu.Biqiltonni sadarkaa olii immoo jiminoospamoota fi anjoosparmoota jedhamuun qoodamu.Biqiltonni sadarkaa gadii ispoorii oomisuun wal –horu.Biqiltonnii sadarkaa olii immoo sanyii uummachuun wal-horu.Biqiltoota sadarkaa gadii keessatti ispooriin biqilaa haaraatti biqila.Biqiltoota sadarkaa olii keesatti immoo sanyiin gara biqilaa haaraatti biqila.Biqiltuun erga biqileen booda wantoota guddinaaf isaa barbaachisu argachuun gara mukaatti guddatu.
Sanyiin midhaanii adda addaa faayidaa isaan booda kennan irratti hunda’uun haala adda addaatiin sassabamanii kuufamu.Yeroo sirriin sanyiin midhaanii itti sassabamu kan irratti hundaa’u:- bilchaachuu sanyii,tooftaa ittiin sassabamuu fi tooftaa ittiin kuufamu irratti.Sanyii midhanii tokko osoo hin bilchaatiin sassabuun,tooftaa sirrii ta’eetti fayyadamne yoo hin sassabnee fi kuusaa sirrii ta’e keessatti yoo hin kuusne miidhaan isaa oomisha xiqqaa fi qulqullina gad-aanaa ta’e qabu argachuu dha.
Itiyoophiyaa keessatti qonni dinagdee biyyaa guddisuu keessatti hojii ijoo dha.Kanaaf qonnaan bulan teeknooloojii qonna hammayyaa fi ciccatoota qonna oomisha guddisuu danda’aniin deggaramuu qaba.
Akka qu’annoon agarsiisutti bosonni Itiyoophiyaa keessatti argamu sabaabiwwan garaagaraatiin xiqqaatani jiru.Kanaaf kan jiru kunuunsuu fi kan bade biqiltuu dhaabun bakka buusun barbaachisaa dha.
Boqonnaa kana barsiisuudhaaf maleen baruu barsiisuu ammayyaa barattota giddu galeessa godhatan adda addaatti fayyadamuu qabdu.Malleen boqonnaa kana barsiisuuf filatamaadha jedhaman filatamanii ibsi itti kennamee jira.Isaanis:Mala maappii yaad-rime,mala minjaalatti naanna’uun taa’un barachuu,mala garee baazii fi mala gaaffii fi deebii ti.Tokkoon tokko malleen kana a gochaan deggaramanii jiruMaappiin yaad-rimee beekumsa bifa giraafitiin qindeessuun bakka buusuudha.Malli minjaalatti naanna’uunta’uu mala barattonni garee keessatti argaman kochoo kochoon gaaffii barsiisan gaafateef deebii itti kennaniidha.Daawwanna dirree mala baruu- barsiisuu dareen alaa ti.Malli garee baazii garee marii xixiqqoo gaaffii murtaawa ykn odeeffannoo murtaawa irratti mari’ataniidha.Malli gaafii fi deebii mala barsiisan gaaffii gaafachuun barattonni deebii deebisuu ti.Akkasumas malleen akka agarsiisaa,laboraatooriifi mala yaadun gareen mari’achuu boqonnaa kana ittiin barsiisuuf gocha daree keessatti ittin shaakalaman waaliin kennamanii jiru.

  Cheek listii

Barattoota, hima armaan gadii yoo hojjachu dandeesse mallattoo (✓) itti godhuun mirkaneesi. Yoo hojjachuu hin dandeenye boqonicha irraa deebi’uun irraatti mari’aadha.

Naan danda’a Eeyyee Lakkii
Biqiltoota sadarkaa gadii fi sadarkaa olii ibsi
Makaanizimii ijoo biqiltuu ittiin biqilchanii fi ittiin kunuunsan himi.
Teeknooloojii qonnaa, tooftaa ittiin midhaan sassaban fi ittiin kuusan ibsi
Mala maappii yaad-rimee,mala minjaalatti naanna’uun ta’uun barachuu,mala garee baazii fi mala gaaffii fi deebii ibsi.
Mala maappii yaad-rimee,mala minjaalatti naanna’uun ta’uun barachuu,mala garee baazii fi mala gaaffii fi deebii hojiin agarsiisi
Mala agarsiisaa, mala laboraatoorii fi mala yaaduun gareen waal gargaaru hojiin agarsiisi
Qabxii ijoo boqonnaa kanaa bifa guduunfaatiin kenni
Tooftaalee/maloota/Istiraateejii/ boqonnichii ittiin hojjiirraa ool
Mala agaesiisaa,mala greemarii baazii,mala maappii yaad-rimee, mala mijaalattii naanna’uun ta’uu, mala daawwanna diree,mala laboraatoorii fi mala gaaffii fi deebii ti.
Adeemsa baruu barsiisuu keessatti gochaalee barattootaa fi haalamijeessaa.
Gochaalee barattootaa
Qajeelfama dhageeffachuuke
Marii garee fi dhiyeessa keessatti si’aayinaan hirmaachuu.
Gochaalee, hojii manaa, hojii dhuunfaa fi hojii garee hojjachuu.
Mala si’aayinaan barachuutti fayyadamuun garee xixiqqoon wal- barsiisuu.

Gochaalee haalamijeessaa
Meeshaalee qopheesuu fi raabsuu fi gocha kennu.
Yeroo barattoonni hojii kennameef hojjatan qajeelchuu.
Marii garee qindeessuu.
Hojii barattoota irratti yaada fooyy’insa kennuu.
Madaaluu fi dub- deebii kennuu
Istiraateejii fi Teeknika madaallii boqonnaa
Abbalttii dhuunfaafi garee fi gabaasa.
Hirmaanna mare daree fi garee
Pirojeektii
Garee xixiqoon wal barsiisuu
Teestii fi battallee
Meesalee barnootaa
Meeshaaleen barnootaa:LCD,Pirojeekterii,Laabtoopii,Kitaaba barataa saayisii wal simataa kutaa 5-6, Silaabasii fi Qajeelchaa barsiisaa kutaa kanaa, Markeerii,Moodeela,Meeshaalee Labooraatoorii,Kiitii Saayisii fi Meeshalee naannootti argamani foyyeeffamani idha.
Kitaabilee Wabii
Balaraman, P., Khan, M., Fleming, M., Nowicki, D. and Lacey, J. (1996). Strategies for Effective Teaching. In: Handbook for Teaching Assistants (Sandra Courter, Prabhu Balaraman, Joe Lacey, and Clark Hochgraf, eds), University of Wisconsin.
Cañas, A. J. and Novak, J. D. (2009).What is a Concept Map? www.ihmc.usCmappers.Learn , www.cmappers.net.
Gibbs, G. and Habeshaw, T. (1992). Preparing to teach: An introduction to effective teachingin higher education, England.
Lom, B. (2012). Classroom Activities: Simple Strategies to Incorporate Student-Centered Activities within Undergraduate Science Lectures. The Journal of Undergraduate Neuroscience Education. Vol. 11(1)
Michie, M. (1998). Factors influencing secondary science teachers to organise and conduct field trips. Australian Science Teacher’s Journal, 44(4), 43-50.
Qarareh, A. O. (2010). The Effect of Using Concept Mapping in Teaching on the Achievement of Fifth Graders in Science. Stud Home Comm Sci, 4(3). pp 155-160. Kamla-Raj.
Vanides, J., Yin, Y., Tomita, M., and Ruiz-Primo, M., A. (2005). Using concept maps in the science classroom. Science Scope, Vol. 28(8). National Science Teachers Association (NSTA).
www.informationgateway.org using round table discussion to teach thinking skills
www.roundmgroup.com round table learning

Boqonnaa Afur Bineeldoota( Sa’aattii 7)

Seensa

Boqonnaa kana keessatti waa’ee bineeldoota lafee dugdaa dhabeeyyii(ilbiisoota),bineeldoota lafee dugdaa qabeeyyii (qurxummilee, amfiibiyaanoota,repitaayiloota, allaattoota,hoosistoota ) fi bineensoota bosona ni barattu.Haaluma wal-fakkaatun maleen baruu-barsiisuu qabiyyee boqonna kana keessaa barsiisuuf mijaa’aa ta’aani adeemsa baru-barsiisuu keessatti hirmaanna barattootaa siaayinaan dabalan ni baratu.Kanaaf malleen baruuf barsiisuu boqonnaa kanaaf filataman kanneen akka mala piraamidii, mala fiish baawulsii,fi mala yaaliin barachuu irratti ibsi isiniif kennama.Ibsa malleen baru-barsiisu kanaaf kennameetti aansuun qabiyyeen boqonnicha yeroo barsifamu maleen kun gochaan hojiitti hiikamu.Kun yoo jedhamu boqonnaa kana barsiisuuf maleen kana qofatti fayyadamna jechuu miti.Kanaaf qabiyyee boqonnaa kana barsiisuuf maleen akka mala laboraatoorii,daawwannaa diree, fi pirojeektii ni fayyadamna.

KUtaa 4.1 Inverteebretoota (Ilbiisoota) ( sa’aatii1/2)

Ibsa gabaaba

Bineeldoonni lafee dugdaa dhabeeyyii sanyii bineeldoota lafa kana irra jiran keessaa 95% kan qabatanii fi garaagarummaa bal’aa kan qabanii dha.Saayintiistoonni danaa fi bu’uura waliigala qaama isaani irratti hunda’uun bineeldoota garee guddaa murna jedhamutti qoodani jiru.Murnoota kana keessaa tokko murna artiropoodoota yoo ta’u innis,loobistaroota,betiiloota,kiraaboota,tisiisa fi iskoropiyoonii ofkeesstti qabata.

Amaloota WaligalaaMurna Artiropoodootaa
Murni kun bineeldoota keessaa murna bal’ina qabuu fi milka’aa ta’eedha.
Appendeejiin cimdii isaani deemichaaf,nyaataf,akka qaama miiratti,wal-qunnamtii saalaatiif fi diina ofirraa ittisuuf isaan gargaara.
Qaamni artiropoodootaa guutumaa guutuutti kutikiliidhan kan aguugamee yoo ta’u iskileetenii alaa qabu.Iskileeteniin kuniis pirootiinii fi kaayitiinii irraa ijaarame
Iskileeteniin gara alaa kun ittisaa fi iddoo wal-qabanna maashaalee akka appendejjii socho’uuf gargaaranii ta’uun tajaajila.
Artiropoodoonni qaama miiraa fooyyee ta’e kan gara fulduraa isaanitti walitti qabamee argamu qabu
Kutaan mataa ija kompaawundii ta’e ofirraa qaba.Tokko tokkoon ija kompaawundii miira fuutoo ifaa hedduu irraa ijaarame.
Sirna marsaa dhiigaa banaa ta’e qabu.

Ilbiisonni bineeldoota garee guddaa artiropoodootaa keessaa tokko.Artiropoodoonni garee bineeldoota jalqaba miila qabanii ti.Dameen baayoloojii waa’ee ilbiisota qu’atu Intomoloojii jedhama.
Ilbiisonni miila jaha, kochoo fi qaama bakka saditti qoodamu qabu.Isaanis:mataa, qomaa fi garaadha(fakkii4.1 ilaali).Ilbiisonni sirna wal-jijjirra gaaziitiif isaan gargaarucaasaa tiraakiyaa jedhamu yoo qabaatan caasaa malipigiyaantiyubiliisii jedhamu immoo kan kan sirna usaasatiif isaan gargaaru qabu.
Ilbiisonni hundi hanqaaquu irraa guddatu.Ga’eessa ta’uuf sadarkaa guddina garagaraa keessa darbuSadarkaan guddina keessa darban kun metamorfoosisii jedhama.Ilbiisonni metamorfoosisii guutuu ykn hanquu gaggeessu danda’u.Fakkeenyi kanniisa, bilacha,boonbii,kuruphisa,girrisaa(hawwannisa),rirmaa fi raammoo haarrii ti.

Fakkii 4.1 kutaa qaama ilbiisotaa

4.1.1 Tooftaalee Barsiisuu (sa’aatii 2 )
4.1.1.1 Mala Piraamidii


Mala piraamidiitiin fayyadamuun barsiisuu keessatti dursa hirmaattonni dhuunfan waa’ee mata duree/ gaaffilee / kenname irratti akka yaadan taasisuun , isaan booda akka lama lamaan ta’uun irratti mari’atan taasisuuda.Gareen nama lama lamaa walittii dabalmuun nama afur, gareen nama afuri walitti dabalamuun garee nama sadeetii , gareen nama sadeetii walitti dabalmuun garee nama kudha jaha fi dhuma irraatti marii garee daree guutuu ta’a.Bakka bu’aan garee waan gareen irratti waliigale daree guutuuf gabaasa dhiyeessa.Kanaaf malli piraamidii fi” snow ball” sadarkaawal-fakkaatu qabu.Adeemsa kana keessatti dursa barattonnii dhuunfan hojjatu. Yeroo kana mata duree/ gaaffii kenname irratti xiyeeffannoo kennuun akka dhuunfan hubatanitti ibsu.Lammaffaa irratti cimdiin hojjachuun waan hubatan irratti yaada wal-jijjiiru. Kun immoo akka isaan waan kennameef irratti yaada wal-jijjiiraniif carraa kenna.Sadaffaa irratti gareen miseensa afur, sadeeti qabuun,rakkoolee qabxii marii ijoo ta’ee mata duree keessaa ba’an irratti ni mari’atu. Kun immoo gara dhumaatti akka isaan yaada fi yaada guduunfaa ykn fala walfakkaatu kennaniif gargaara.xumuraa irrattii miseensonni daree guutuu waliin mari’atu.(fakkiii4.2 ilaala)

Fakkii 4.2 Mala piraamidii

Cimina
Maleen hedduu akka fayyadamnuuf gargaara..
Barattoota himaachisuuf gaariidha.
Maleen baruu barsiisuu hedduu ofkeessatti qabata.
Sadarkaa piraamidii hunadaa keessatti barsiisaan sadarkaa bilchina barattootaa, ogummaa isaanii fi beekumsa isaanii irratti akka duub-deebii argataniif gargaara.
Hiri’ummaa barattoota cimsuun akka isaandareen alattillee mari’atan taasisuun yeroo marii daree keessaa haalan akka wal-gargaaran cimsa..
Akka dhuunfan itti yaadani yaada gahaa ta’e garee kessatt kennuu danda’aniif yeroo gaha kenna.
Hanqina
Barsiisaan qophiif yeroo gahaa ta’e hin argatu.
Yaadni nama dhuunfa biraa ka’ee miseensa daree guutuu bira gahuuf yeroo dheeraa fudhata.

Yaada: Caasaa ala, amaloota isaani , marsaa jireenya( raammoo haarrii_hanqaaquu__laarvaa_fi ga’eessa) ilaala.Eddattoo kuusa keessatti argamu ykn kan jiraattoo ta’an ykn bakka raammoon haarrii qu’annoof itti horsifaman ykn mana kitaabaa ykn inteerneetii ilaala.
4.1.1.2 Fiish bowulsii


Malli fiish bowulsii mala marii garee ta’e,mala kana keessatti barattonni hedduun geengoo guddatti naanna’uun kan ta’aanii fi barattonni murasnii immoo gidduu geengoo ta’uun kan raawwatuudha.(fakkii 4.3 ilaala) Malli fiish bowulsii tokko tokkoon barata daree keessa carraa hirmaannaa akka argatanii fi to’annoo hirmaannaa barattootaa tiif gargaara.Malli kun garee xixiqqoo hanga garee gurguddaatti haalan hojiirra ooluu danda’a.
Mala kana hojjirraa oolchuudhaaf, mata duree murta’aa kaayyoo boqonnichaa irrattii hundaa’unfiladha.Barattoota lakkofsii isaanii 6-10 ta’an handhuura geengoo guddicha keessa taa’an fedhii isaani irratti hunda’un filadha.Barattoonni handhuura keessa taa’an kun mata duree filatame irratti hubannoo qabaachuun yaada gabaabaakennuu danda’uu qabu.Miseensonni geengoo guddicha marsanii argaman akka taajabdutti fudhatamu.Namnii handhura fiish bowulsii keessa taa’an yaada kennu, odeeffannoo kennuu fi akka miseensonni handhuura keessatti argaman yaada kennan ykn gaaffilee gaafatan ni kakaasu.Barataan geengoon ala jiru yaada kennuu yoo barbaade gateetti barataa geengoo keessa jiru tokko qabachuun inni ta’e ka’uun kan geengoon ala jiru bakka isaa taa’a.Mala kana erga shaakalleen booda yaadota heddu walitti qabuun ni danda’ama.

Fakkii 4.3 Marii garee fiish bowulsii (Source: http://www.nwlink.com/~donclark/hrd/learning/fishbowls.html)
Yeroo mala kanatti fayyadamnu akkaata barataan geengoon ala jiru kan geengoo keessa jiru irratti waraqaa kallatti itti qabsiisuun bakka isaa qabatu irratti moodeela qabaachuu qaba.Mata duree salphaa, saffisaan shaakaluuf gargaaru filachuuf moodeela mala kanaan barattonni waraqaa kallatti fayyadamuu fi bakka wal bu’uun osoo mariin mata duree guddichaa hin eegaliin shaakaluudha.Nama barreessuu fi qabxii ijoo boodaarraa marii gareetiif gargaran tarreessee qabuu danda’u bakka busuudha.Akka mariin haalan deemu danda’u osoo mala kanaan marii garee hin eegaliin ibsi gahaan mata duree irratti kennamun barbachisaadha.
Mala fiish bowulsii beekamoo ta’an gosa lamatuu jiru:

Foormaatii fiishbowulsii banaa:Foormaatii kanaan teessoon gidduu geengoo muraasni barattoota gidduu geengootiin ala jiraniif dhifamuun booda irratti akka isaan qabatan ta’a. Yeroo kana barataan gidduu geengoo tokko fedhii isaatiin iddoo gadidhisuu qaba.

Foormaatii fiishbowulsii cufaa:Malli kun garee miseensa baayy’ee qabuuf (garee guddaadhaf) haalan hojjata.Haalamijeessan warren geengoo gidduu jiraniif akka dhimma irratti haalan mari’ataiif yeroo gahaa kennufii qaba.Yemmuu yeroon kennameef dhume kanneen geengoon ala jiran gara gidduu geengoo seenuun yaada isaanii itti dabaluun gabbisu.

Sadarkaalee mala fiish bowulsiin mari’achuun ofkeessatti qabatu.
Garee hirmaatoota qopheessuu: Gareen gidduu geengoo fi ala geengoo akka iddoo isaanii qabatan taasisuu..
Mata duree marii gareef qooduu: Kaaayyoo koorsii ykn kaayyoo barnootairratti hunda’uun mata duree qooduu.
Seera ittiin bulmaata baasuu: Haalamijeessaan seera ittiin gochi raawwatu,foormaatii fiishbowulsii(banaa ykn cufaa ),yeroo marii kenname irratti fi hirmaannaa tokko tokko miseensa garee irraa eegamu ifa gochuu qaba.
Kakaasuu: MIseensonni gidduu geengoo akka gocha kennameef irratti marii eegalan kakaasuu fi kanneen geengoon ala jiran akka qlbeeffatanii ilaaluun kochoo kochoon garee geengoo keessaa bakka bu’uun hirmaatan taasisuu.Yoo mariin kaayyoon ala bahe haalamijeessaan gidduu seenuun kallatti qabsisuu qaba.
Wal-qabsisuu: Fiish bowulsii banaa keessatti miseensii gidduu geengoo tokko fedhiin miseensa ala geengoo jiruuf iddoo gadidhisuu qaba/abdi.Fiishbowulsii cufaa keessatti kanneen gidduu geengoo fi ala geengoo jiran iddoo wal-jijjiiru qabu.
Guduunfuu: Xumura marii irratti duub-deebii ykn qabxii hirmaattotaaf kennaman guduunfuu ykn yoo barbachisee duub- deebii kennuudha..
Goolabuu/ xumuruu: Mariin galma gahuu fi dhabuu isaa ifa gochun xumuruu.

Cimina
Marii si’eessuuf gargaara.
Waliin mariachuu daree jajjabeessa.
Akka barattonni wal-irraa barataniif haala mijeessa.
Gad-fageenyaan akka yaadan taasisa.
Ogummaa dubbaachuu fi dhaggeeffachuu barattotaa foyyeessa.
Qabxii salphaa irratti akka hin xiyeeffanne taasisa.
Hanqina:
Barattota gidduutti mormii uumuu danda’a.
Odeeffannoon dhugaa hin ta’iin gabbfamuu danda’a.
Barattonni murasii ibsa kennu irrattii rakkachuu danda’u.
Mata dureen xiyeeffannaa jijjiiramu danda’a.
Barattoota murasatti toluu dhabuu danda’a..
Akka tasaa yaada kennuun baayy’achuu danda’a..
Kanneen qalbeefatanii ilaalaniis saffisaan duub-deebii kennuu dhabuu danda’u..

Yaada:caasaa gara alaa,marsaa jireenya,miidhaa isaan qaban, mala ittisa isaanii fi keemikaala kanneen akka DDT irratti xiyeeffadha.
4.1.1.3 Mala laboraatoorii

Malli kun boqonnaa tokkoffaa keessatti ibsame jira. Amma gocha mala kana itti fayyadamun shaakaltantu jira.

Yaada: Ilbiisoota naannoo keessanitti argaman walitti qabun gara daree laboraatoorii fidun caasaa alaa isaanii fi amaloota isaanii qoradha.Keemikaalota kanneen akka formaaliinii fayyadamun goggsuun agarsiisaaf tursiisa.

Kutaa 4.2 Verteebiretoota (Qurxummilee, Amfibiyaanoota, Repiitaayiloota, Allaattoota, Hoosiftoota) (sa’aatii 1/2)

Ibsaa gabaabaa

Verteebiretoonni bineeldoota lafee dugdaa dhabeeyyiidha.Bineeldoonni lafee dugdaa dhabeeyyii hundi murna kordaata jalatti ramadamu.Sirna marsaa dhiigaa cufaa ta’e qabu.Kana jechuun dhiigni ujummolee dhiiga raabsituu, kaappilaarootaa fi dhiiga deebistu gidduu marsuu qabu.
Kordaatonni garagarummaa bocaa, fiiziyooloojii fi bidoollee dinqisiisa qabu.Kordaatonni bidoollee adda addaa keessa jiraatu.Amaloonni sadii kordaatoota addan baasuuf gargaaran:notookordii, narvii koordii ujummoo dorsalii irraa qabaachuu fi faranjiyaal giil siliitii qabaachuudha.

Qurxummileen bineeldoota lafee dugdaa qabeeyyii poyikkilootermii bishaan keessaa jiraatanii fi a’oo qabeeyyiidha.Qaamni isaanii bishaan keessaa salphattii akka socho’aniif gargaara.Mataa,tirankii fi eegetti addaan qoodama(fakkii 4.4 ilaala).Mataa fi tirankii gidduudha morma hin qaban.Qaamni isaanii iskeeliidhan aguugamee argama.Hargansuu giliidhan gaggeessu.Giliin isaanii qullaa ykn kan operkulamiin aguugamee ta’uu mala, kun immoo yeroo bishaan daakan oksiijiinii adeemsa hargansuuf dhiyeessuuf gargaara.Dabalataaniis qurxummileen lafee qabeeyyii afuuffee daakaa kan yeroo bishaan daakan akka bishaan irra bolol’ianiif gargaaru qabu.Onnee kutaa lamati qoodame(orikilii fi ventirikilii ) fi sirnamarsaa dhiigaa cufaa ta’e qabu.Saal tokkee fi fartilaayizeeshiinii qaama keessaa ykn qaaman alaa gaggeessu.Fakkeenya Tilaaphiyaa,Niil perchii,Shaarkii fi Katilaa dha.

                      Fakkii. 4.4 Qaama ala qurxummii (maddi:www.FloridaFisheries.com)

Amiibiyanonni bineelodootalafee dugdaa qabeeyyii poyikilootermii ta’anii bishaa keessaa fi lafarraa jiraataniidha. Jireenya isaani cinaa lafarratti cinaa immoo bishaan keessa jiratu.Qaama tiraankii dheera mataa irra qabuMormaa fi eegee walitti qabate,mataa fi tiraankii walitti qabate fi morma mataa irra addan hin baane qabu.Raachaa fi fattee keessattimiilli dura kan duuba caalaa gabaabaadha. Miilli duuba raacha quba walitti qabate qaba.Gubban gogaa isaanii lallaafaa fi mucuccataadha.Amala muccuccatummaa kana kan qabaateef gogaan xannachoota mukasii ( hancufa) maddisiisan waan qabuufiidha
Hargansuu giilsii, gogaa , sombaa fi qaawwa faranjiyaaliin gaggeessu.Onnee kutaa sadii kan orikilii lamaa fi ventirikilii tokko qabutti qoodamu.Saal tokkee fi fartilaayizeeshiinii qaama keessaa ykn qaaman alaa gaggeessu. Fakkeenya Raacha, Fattee,Salamandarii fi Kasiliyaan.

Repitaayilonni bineeldoota lafee dugdaa qabeeyyii poyikilootermii, bocini qaama isaani garaa garaateedha.Qaamni isaani iskileeteni alaa iskeelii qoree qabeessa ta’en aguugame argama.Millii isaanii peentadaaktaayilii(quba shan kan qabu) ta’ee muka koruu, kaachuu fi ittiin mukatti rara’uuf kan ooluudha.Hargansuu sombaan gaggeesuu. Onneen isaanii kutaa saditti kan qoodame yoo ta’u kan naachaa garuu kutaa afuritti qoodame.Saal tokkee fi fartilaayizeeshinii qaama keessaa gaggeessu.Hanqaaquun isaanii sheelii gogaa fakkaatuun haguugamee jira.Fakkeenya Bofa,Qocaa, Lootuu, Naacha fi Jawwee.

Allattonni bineeldoota baayy’ee babaachisoo fibal’inaan beekamaniidha.Bineeldota lafee dugdaa qabeeyyii indoo termii ta’anii fi koola/laboobaa qabaniidha.Miilli duraa isaanii gara koochoo/ baalleetti jijjiiramuun laboobaa ofirratti qabaachuun akka balali’aniif isaan gargaara. Miilli duuba gara fuula duratti siqee argamu madaala ulfaatiina qaama isaani eeguuf gargaara. Miila isaanii irraa quba afur kan qaban yoo ta’u qubni calqabaa gara duubatti garagalee argama Beekii (afaan ) qoraatti ofirraa qabu qabu.Caasaan sirna bullaa’ina soorataa isaanii hanga munnee diriira. Onnee kutaa afuritti qoodamuu fi sirna marsa dhiigaa cufa ta’e qabu.Saal-tokkee fi fartilaayizeeshiinii qaama keessaa gaggeessu. Fakkeenya: Bullallaa, lukkuu,paarootii, quura, guchii, pikookii fi kkf.

Hoosiftonni bineeldoota aannaan harmaa hadhaa keessaa maddu hodhanii guddataniidha.Amalli addaa hoosiftoota xannacha aannaanii aannaan maddisisuu danda’u qabaacuu, qaama irraa rifeensa qabaachuu fi indoo termikii ta’uudha.Onnee kutaa afuritti qoodame qabu.Sirna marsaa dhiigaa cufaa ta’e qabu.Hoosiftonni sammuun isaani bineeldoota biroo hmmaan wal-qixa ta’anii guddinaan ni caala.Cidhaan qaama irra gadi rarra’ee qalqalloo cidhaanii keessatti argama. Yeroo hunda fartilaayizeeshinii qaama keessaa gaggeessu.Hanqaaquun xiqqoo fi waakkaa(yolk) xiqqoo ykn hin qabne qabu.Hoosiftoonni baayy’een viviiparasiidha.(ilmoolee guddatan dhalu)

4.2.1 Tooftaalee barsiisuu (sa’aatii 2)
4.2.1.1 Mala moodeela Experiyentiyaaliin barachuu

Mala moodeela Experiyentiyaaliin barachuun mala barachuu waan dalagan calaqqisisuun barachuu ti.Mala kanaan barattoonni si’aayinaan barachuu fi muuxannoo wal-jijjiiru, faayida argame ni ibsu,haala qabatamaa jiru waliin wal-qabsiisun fakkeenya kennuu fi beekumsa argatan hojiittinjijjiru.Mala moodeela Experiyentiyaaliin barachuu keessatti barattoonni wal-gargaaruun fi wal-irraa barachuun baratu.
Fakkeenya mala experiyentiyaaliin barachuu kan ta’u, naannoo zoon jiru deemun faallaa kitaaba dubbisuutiin qalbeeffannoon ilaaluun barachuudha. Mala kanaan baratan haala qabatama jiru irratti qu’annoo fi yaalii gaggeessuun beekumsa gahaa dubbisuu fi dhagahuun argatu caala argata. Mala moodeela Experiyentiyaaliin barachuun sadarkaa shan qabaatus amma sadarkaa sadii ijoo ta’anitti gabaabate jira.Isaanis: Dalaguu, calaqqisisuu fi hojiirra oolchuudha.
(Fakkii4.5 ilaala).Calaqqisisuun :qooduu fi adeemsatti qoodama.Hojii irra oolchuun immoo waan waliigala kennuu fi hojii irra oolchuutti qoodamu.Walitti sadarkaa 5 ta’a jechuudha..

Fakkii.4.5 Moodeela experiyentiyaaliin barachuu

Sadarkaaleen shaman kanneen armaan gadii ti:
Daladuu:muuxannoo waan tokko irraa argachuudha.Waan baratan akka hojjatu barbaadame irratti barsiisuun dursa gocha irratti muuxannoo jiru ibsuu qaba. Ittiaanuun baratan harkaan, sammuun gargarsa barsiisa malee ykn gargarsa barsiisa xiqqoon hojjata 2.Muuxannoo argamee qooduu.Kun kan raawwatu waan hubatan ibsuudhanii.Barsiisaan erga barattonni dalagaa isaanii xumuranii booda muuxannoo isaan dalagaa irratti argatanii fi akkaata isaan itti qooda keessatti fudhatan irrati gaaffii gaafata.Barattoonni bu’aa argamee, marii gaggeeffamee fi waan qalbeeffatan hiri’yoota isaani tiif ni qoodu.

3.Adeemsa: adeemsi xinxallii adeemsa fi dhaamsa/ erga/ taasisuu fi muuxannoo waliif qoodan addan baasuudha.Barsiisan gaaffilee muuxannoo isaan walii qooduu qaban irratti ni gaafata.Barattonni qabiyyee barnotichaa irratti hunda’un ogummaa jireenyaa isaanii waliin wal qabsiisuun waan baratanii fi ofdura baratamu irratti muuxannoo wal-jijjiiruun marii ni adeemsiisu.
4.Walitti qabuu: kun akkaata muuxannoon argame hojii irraa ooluu fi akkaata inni jireenya namoota dhuunfaa ykn jireenya hawaasaa keessatti babal’atu irratti xiyeeffata.Barsiisan barattoota gaaffii muuxannon argatan akkamiin akka jireenya dhuunfaa isaaniitiin wal-qabatu ni gaafata. Barattonni muuxannoo argatan addunyaa dhugaatiin wal-qabsisuun ni ibsu.

  1. Hojii irraa oolchuu:odeeffannoo argamee fi ogummaa argame irraa ka’uun hojiitti hiikuudha.Barsiisaan gaaffii akkaata barattonni odeeffannoo fi ogummaa argatan hojjirra oolchuuf gargaaru ni gaafata.Barattonni muuxannoo argatan haala wal-fakkaatu ykn haala garagaraa keessatti hojiirra ni oolchu. Gosa barnoota biroo fi ogummaa jireenya isaani ofduraa keessatti hijii irra ni oolchu.

Fakkeenya:Mata duree amfibiyaanoota jedhu barsiisuf deemta haa jennu. Kana immoo hojjitti hiikuuf mala moodeelaexperiyentiyaalihaala armaan gadiitiin fayyadami.
Dalaguu- Qaama bishaanii daawwachuun raacha ilaali amala waligalaa raachaa haalaan addaan baasii ilaalii:-qaama ala raachaa fi toofta wal-hormaata raacha.
Muuxannoo argame qoodu– Yeroo raacha ilaalte waan hubate ibsi. Waan daawwannoo kee irraa argate fi hiri’yaa kee waliin mari’ate argate hiri’yoota keetiif qoodi.
Adeemsa–Muuxannoo marii, xinxallii fi calaqqee addeemsistan irraa argataan mata duree barannoo amfibiyaanoota jedhuun walqabsiisa.
Walitti qabuu–Daawwannoon atti raachaa irratti gaggeessite jireenya kee waliin akkamitti wal-qabata? Muuxannoo argate haala qabatamaa addunyaa fi barannoo guyyaatiin walqabsisa.
Hojiirra oolchuu–Odeeffannoo haaraa ykn ogummaa haaraa waa’ee raachaa irratti argate maal itti goota? Muuxanno argate waan walfakkaatuuf ykn kan adda ta’eef gargaaramuun hojiirra oolcha.

Cimina
Qaamoleen miiraa shaman akka hojiirra oolan gochuun barnoonni baratame osoo hin dagatamiin akka turu taasisa.
Mala baruu-barsiisuu hedduminaan barachuu keessatti waa uumuu ol guddisuu fi bal’isani ilaaluu cimsa.
Qu’annoon beekumsa argachuu fi fala barbaaduu taasifamu ilaalcha gaarii akka qabaatu taasisa.
Barattoonni barnoota gammadaa akka baratanii fi barsiisooni akka gammadaa barsiisan taasiisa.
Barnoota baratan irratti ogummaa jireenyaa dabalata akka argatan gargaara.
Hanqina
Barsiisaa irratti qophii dabala.
Barsiisaan obsaa qabaachuu fi qajeelfama kennuuf dirqama.
Deebiin kennamu tokko sirrii mitti jechuuf ni rakkisa.

Yaada: Tartiiba mala moodeela experiyentiyaalii hojiirraa oolcha

4.2.1.2 Agarsiisa

Malli agarsiisaan barsiisuu maal akka ta’e boqonnaa tokkoffaa ilaala.Amma garuu mala kanatti fayyadamuun gocha kanaan gadii hojjadha.

Yaada: Caasaalee ala qurxummii kanneen akka : afaan, ija, qadaada gilii, fiinsii, mataa fi eegee fi caasaalee ala raachaa kanneen akka: afaan, ija, funyaan, goga ajiidha,miilagabaabaa fula dura,miila duubaa dheera fi quba walitti qabate qoradha.
Kutaa 4.3 Jiraattoota Bosonaa ( sa’aatii 1/2 )
Yaada gabaabaa
Jiraattoonni bosonaa sanyii bineeldoota namatti hin madaqiin jedhamanii hubatamu.Garuu jiraattoonni bosona sanyii biqiltoota hunda, fangasoota fi orgaanizimoota biroo biqilanii fi bosona keessa jiraatanii namaan hin madaqne ofkeessatti hammata.Itoophiyaan sanyii biqiltootaa fi bineeldootaa Itoophiyaa keessatti qofa argaman hedduu qabdi.Kanaaf kan gargaare immoo haala teessuma lafa isheeti. Kuniis gadi fageenya gammoojii Affaarii hanga olka’iinsa Raas Dajaanii ofkeessatti qabata.
Bineeldoonni Itoophiyaa keessatti qofa argaman murasnii kanneen armaan gadiitti argamaniidha.Isaanis : Jaldeesa Cilaada,Gadamsa baddaa, Bosonuu, Waaliyaa fi Sibirroolee adda addaa ti.
Jiraattonni bosona Itoophiyaa garuu sababoota adda addaatiin waan baqataniif hir’achuu fi gara baduutti kan dhiyataniidha.Sababoota baqachuu ykn godaanuu jiraattoota bosonaa keessaa ijoo kan ta’e, bidoollee dhabuu, jijjiirama qilleensaa, farraa ilbiisootaa fi keemikaalaa summii ta’an bifu, adamoo seeran alaa, balaa akka tasaa, baay’ina uummataa fi humnaa olitti fayyadamu qabeenyaa uumamaa ti. Kanaaf jiraattoonni bosona kunuunsamu qabu.Kunuunsi jiraattota bosona kun biqiltootaa fi bineeldoota sanyiin isaanii baduuf dhiyaate bidoollee isaanii keessatti eeggannoo taasisuu dabalata.Galmi kunuunsa jirattoota bosona , uumama dhaloota ofduraattiif tursiisuu fi akka isaan uumama dinqisiifatanii fi faayida jiraattoota bosonaa hubatan taasisuudha.Tooftaaleen kunuunsaa jiraattoota gosa lamatuu jiru. Isanis : ”In-situ”fi ”Ex-situ” kan jedhamaniidha.
Kunuunsi ” In –situ ”jedhamu lubbu qabeeyyii ( biqiltootaa fi bineeldootaa) bakka jireenya uumamaa isaanii keessatti kunuunsuudha.
Kunuunsi ”Ex- situ ” jedhamu biqiltootaa fi bineeldoota sanyiin isaanii lafa kana irraa baduu gahan bakka jireenya isaanitiin alatti kunuunsa taasisuudha.

Yaada: yeroo addaan baafachuuf deemtan: adamoo,gocha qonnaa, bidoollee fi nubannoo hawaasni paarkota biyyoleessaa kanneen akka: Abijatta-Shalla, Awaash, Sameen ,Gareen Baalee fi kkf irratti xiyeeffadha.
4.3.1 Tooftaalee barsiisuu ( sa’aatt1 fi ½ )
4.3.1.1 Daawwannaa dirree

Ibsa daawwannaa dirree tiif boqonnaa sadaffaa dubbisaa.Amma garuu gocha kanaan gadii dalaga.

Yaada: tartiiba daawwiin dirree keessa darbamu hordofa.
4.3.1.2 Mala pirojeektii

Ibsa mala pirojeektii tiif boqonnaa lammaffaa dubbisa.Amma garuu gocha kanaan gadii dalaga.

Yaada:Eenyumma biyyoleessummaa, gosa sanyii adda addaa ,hubannoojiru,turizimii,bashanaansisuu isaa, iddoo jireenyaa miidhame, adamoo gaggeeffamu, kunuunsaa bidoolleen alaa fi kunuunsaa bidoollee keessatti taasifamu pirojeektii keessaan keessaatti hammachiisa.

Guduunfaa boqonnichaa.
Inverteebireetoonni bineeldoota lafee dugdaa hin qabneedha.Saayitistonni bineeldoota garagaraa garee guddicha murna jedhamutti qoodanii jiru.Artiropodoonni murna baayy’ee milka’oo ta’aniidha.Artiropodoota keessaa ilbiisoonni garee baayy’ee ball’ina qabanii,miila jaha, qaama bakka saditti qoodamu(mataa, tooraksii fi abdoomanii ),qaama kutikiliin haguugame fi iskileetanii keessoo kanneen qabaniidha.

Verteebireetoonni bineeldoota lafee dugdaa qabeeyyiidha.Verteebireetoonni hundii murna kordaata jalatti ramadamu. Amalli kordaataan ittiin addaan bahuu sadan kanneen armaan gadiiti Isaanis :Nootokoordii qabaachuu,narvii koordii ujummoo dorsaalii irraa qabaachuu fi parenjiyaal giil siliitii qabaachuu isaanii ti.Verteebireetoonni qurxummilee,amfiibiyaanootaa, repitaayilootaa, allaattootaa fi hooiftoota ofkeessatti qabata.Tokko tokkoon isaanii amala mataa isaanii kan tokko kan biro irraa addan baasuuf gargaaru qabu.

Jirattonni bosonaa kanneen akka bineensota bosonaa, biqiltootaa, fangasootaa fi orgaanizimoota biro uumamaan bosona keessaa jiraatan hunda ofkeessatti qabata.Jirattoonni bosonaa kun sababoota gocha dhala nama adda addaa fi ta’iiwwan uumamaatiin manca’aa jiru.Kanaaf kunuunsi bidoollee keessaa fi bidoolleen alaa barbachisaadha.
Boqonnaa kana barsiisuuf maloota si’aayinaan barachuu adda addaati fayyadama. Boqonnaa kanaaf malleen s’aayinaan barachuu filatamanii fi ibsi itti kenname kanneen armaan gagii ti Iaanis:Mala piraamidii, mala fiish bowulsii fi moodeela experiyentaalii ti.
Mala piraamiditiin fayyadamuun barsiisuu keessatti dursa hirmaattonni dhuunfaadhan waa’ee mata duree/gaaffii /kennameef irratti akka yaadan taasisun isaan booda akka lama lamaan irratti mari’atan taasisuudha.Gareen nama lamalamaa walitti dabalamuun afur, afur afur walitti dabalamuun sadeet, sadeetii fi sadeeti walitti dabalamuun kudha jaha ta’uun dhuma irratti marii garee daree guutuu ta’a.Malli fiish bowulsii mala marii garee ta’e mala kana keessatti barattonni hedduun geengoo guddatti naanna’uun kan ta’anii fi barattoonni muraasni immoo giddu geengoo ta’uun mata duree irratti marii gaggeessuun kanneen geengoo guddatti naanna’uun ta’an immoo ni dhageeffatu.Mala moodeela experiyentiyaaliin barachuun malabarachuu waan dalagan calaqqisisuun barachuu ti.Mala kanaan barattonni si’aayinaan barachuu fi muuxannoo wajijjiiraa bu’aa argame ni ibsu,haala qabatama jiru waliin wal-qabsisuun fakkeenya kennuu fi beekumsa argatan hojiitti jijjiiru. Dabalatan mala labotaatoorii, mala agarsiisaa, mala daawwannaa diree fi mala pirojeektii fayyadamne jirra.

Cheek liistii
Barattoota, Himoota kanaan gadii yoo deebisuu dandeesse mallattoo () mirkaneessi yoo hin dandeenye duubatti deebi’uun boqonnicha irratti mari’adha
Ni danda’a Eeyyee Lakkii
Garaagarumma bineeldoota inverteebireetii fi verteebireetii ibsi.
Amaloota ijoo ilbiisootaa, qurxummilee, amfibiyaanoota, repitaayiloota, allaattoota fi hoosiftootaa ibsi.
Tooftaalee eegumsa fi kunuunsa jiraattoota bosonaatiif taasifamu irratti mari’adha.
Mala piraamidii, mala fiish bowulsii fi mala moodeela,mala experinetiyaaliin barachuu ibsi
Saayinsii wal-simataa keessatti mala piraamidii, mala fiish bowulsii fi mala moodeela experinetiyaaliin fayyadamuun hojjitti hiikaa.
Mala laboraatoorii, mala agarsiisa, daawwii dirree fi pirojeektii fayyadamuun saayinsii wal-simataa barsiisa.
Guduunfaa boqonnichaa kenna.
Tooftaalee/ istraateejii boqonna hojjirra olchuuf gargaaran

Mala Agarsiisa, Piraamidii, Fiish bowulsii, experinetiyaaliin, Daawwii dirree, Pirojeektii fi mala laboraatoorii ti.

Boqonnaa Shan: Waa’ee Qaama Keenyaa Barsiisuu (Sa’aatii 81/2)

Seensa Boqonnichaa

Boqonnaa kana keessatti ibsa gabaabaa waa’ee qulqullina nyaataa, nyaata akka madda anniisaa ho’aatti, hanqina nyaataa, sirna usaansaa fi sirna wal-hormaata namaa, HIV/AIDS fi barmaatilee miidhaa geessisan baratta. Haa ta’u malee, boqonnichi kan irratti xiyeeffatu akkaataa mala barataa giddu galeessa godhatetti gargaaramuun mata dureewwan itti barsiisnu dha. Malleen si’aayinaan barachuu adda addaa boqonnaa kanaaf filataman irratti ibsi ni kennama. Malleen si’aayinaan barachuu boqonnaa kana keessatti ibsi itti kennamu mala saayinsaawaa, mala anaaloojii, mala jigsaawu, garee xixiqqoo barsiisuu, mala qo’annoo haalaa fi mala diraamaa ti. Malleen si’aayinaan barachuu tokko tokkoo isaaniitti aansuun gochaaleen malleen hojiirra oolchuuf gargaaran qabiyyee boqonnichaa keessaa fudhataman ni kennamu. Dabalataan malleen biro kan akka agarsiisaa, marii garee xixiqqoo fi gahee taphachuunis hammatamaniiru.

Kutaa 5.1 Qulqullina Nyaataa, Nyaata akka madda anniisaa ho’aatti fi
Hanqina nyaataa (Sa’aatii 1/2)

Ibsa gabaabaa
Nyaanni bu’aalee dhalaa namaaf barbaachisu keessaa isa tokko dha. Nyaanni biqiltootaa fi bineeldota irraa kan argamuu danda’u ta’ee faayidaa adda addaaf oola. Qaamni keenya akkuma bishaan qulqulluu barbaadu nyaatas qulqulluu isa barbaachisa. Nyaanni yeroo qophaa’u yookiin kuufamu paatoojiinota dhukkuboota adda addaa qaqqabsiisaniin faalamuu danda’aa. Kanaafuu, fayyaa keenya eeggachuuf qulqullina nyaataa eeguun barbaachisaa dha.

Qulqullina nyaataa jechuun nyaanni namni itti fayyadamnu miidhaa akka hin geessifnetti qopheessuu fi olkaa’uu dha. Kana jechuun nyaanni paatoojiinotaan akka hin faalamne gochuu dha. Qulqullinni nyaataa mana qophii nyaataa mana jireenyaa keessatti eeguuf nyaata osoo ol hin fuudhiin dura harka dhiqachuu, iddoo nyaanni itti qophaa’u qulqulleessuu fi meeshaaleen barbaachisan hundi qulqulluu ta’uu isaanii mirkaneeffachuu hammata. Tooftaaleen nyaata ittiin tursiisan: soogidda itti firfirsuu, pickling in vinegar, sukkaara itti naquu, aduu keessatti gogsuu, aara itti aarsuu, bootiliingii(danfisuu), kaaningii, cabbeessuu fi kkf hammata.

Yaada: kaaningii, dihayidireeshinii, cabbeessuu, cabbeessanii gogsuu,irradiyeeshinii fi kkf akka mala tursiisa ammayyaatti fudhachuu; raaciteessuu, gogsuu, soogidda itti firfirsuu, aara itti aarsuu fi kkf akka mala tursiisa aadaatti fudhachuu dandeessu.

Biqiltoonni yeroo footoosintasisii ifa aduu gargaaramuun kaarboondaayoksaayidii fi bishaan gara giluukoosii(sukkaaraa) fi oksijiiniitti jijjiiru. Giluukoosiin hidhoo keemikaalaasaa keessa anniisaa orgaanizimoota biro fayyaduu danda’u kuufatee qaba. Anniisaa footoosintasisiin biqiltoota keessa kuufame bineeldonni(dhalaa namaa dabalatee) yeroo bifa soorataatiin gara keessaa fudhatan itti fayyadamu. Nyaanni adeemsa gubata soorataatiin erga caccabee booda oksijiiniin molekiyulii nyaataan walitti dhufa(gubata soorataa oksijiiniin) yookiin atoomiin molekiyulii keessaa irra deebiin qindaa’uun(gubata soorataa oksijiinii malee) anniisaa kuufate gadi lakkisa.

Akkuma mootorri anniisaa argachuuf boba’aa fi oksijiinii walitti fidu, anniisaan nyaatarraa dhala namaaf kan oolu oksijiiniin kaarboohayidireetii, coomaa fi pirootiiniin yoo walitti dhufedha. Innis:

Mootora keessatti: Boba’aa + oksijiinii → Kaarboondaayoksaayidii + bishaan + anniisaa
Qaama keessatti: Nyaata + oksijiinii → Kaarboondaayoksaayidii + bishaan + anniisaa

Kana jechuun nyaanni qaama namaatiif dalagaan inni qabu kan boba’aan mootoraaf kennuun wal fakkaata. Adeemsonni lamaanuu anniisaa ho’aa kan oomishan ta’ee dalagaan isaa gargari dha. Qaama namaa keessatti anniisaan ho’aa tempireechara qaamaa to’achuuf kan gargaaru yoo ta’u mootora konkolaataa keessatti garuu akkas miti. Mootorri ho’a dhabamsiisuuf sirna qorrisiisuu qaba.

Hanqina nyaataa jechuun dhalaa namaa fi bineeldota biro nyaachisuuf nyaanni gahaan dhabamuu dha.Hanqina nyaataaf sababa kan ta’uu danda’an hanqina roobaa, dhukkuba biqiltoota miidhanii, miidhaa ilbiisota nyaattotaa kan akka hawaannisaa fi haala qilleensaa adda ta’e kan akka cabbii, bubbee fi lolaa fa’adha.

Yaada: Bishaan roobaatti haalaan fayyadamuu, bishaan boollaa kuusuu, bu’aa fooyyessuuf qonna ammayyeessuu, midhaan adda addaa fayyadamuu fi ciicatoota qonnaa adda addaa fayyadamuu.

Anniisaan ho’aa iddoo tokkorraa gara biraatti karaalee sadiin darbuu danda’a.
Isaanis:
kondaakshinii,
konvekshinii fi madana.

Yaada: waa’ee anniisaa ho’aa irratti odeeffannoo argachuuf kitaabolee fiiziksii mana kitaabaatii dubbisi yookiin kitaaba barataa saayinsii wal-simataa kutaa 5 fi 6 ilaali.

5.1.1 Malleen Barsiisuu (Sa’aatii 3)

5.1.1.1 Mala saayinsaawaa


Saayinsiin uumamaa wal-simataa taateewwan uumamaaf argannoowwan saayinsaawaa hordofa. Malli saayinsaawaa adeemsa argannoowwan saayinsaawaatiin addunyaa uumamaa kana qorachuu dha. Malli saayinsaawaa kun daawwannaa, mal-dhahoo baasuu, haalii to’atamoo qindeessuu, daataa funaanuu fi maxxansuu, yaad-hiddamaa fi pirinsippilii dagaagsuu hammata.

Tartiiba Mala Saayinsaawaa
Malli saayinsaawaa adeemsa sadarkaa sadarkaanii osoo hin taane adeemsa walitti fufaa dha. Innis beekumsa qabanitti gargaaramuun waa’ee addunyaa kanaa barachuudha. Saayintistoonni tooftaalee adda addaa kan fayyadaman ta’uus yeroo baay’ee tartiibota jahan armaan gadii gargaaramu.

Daawwannaa: daawwannaan gocha taateewwan jiran karaa qaama miiraa adda baafachuu ti.
Ibsa rakkoo: gaaffii yookiin rakkoo yaaliin hiikamuu danda’uu adda baasuu dha.
Mal-dhahoo baasuu: mal-dhahoon ibsa yeroo kan taatee tokkoo yookiin ibsa yeroo hariiroo taateewwan gidduuti. Innis ibsa waa’ee rakkoo adda baafameeti. Bu’uurri mal-dhahoo daawwannaa dura gaggeeffame yookiin itti fufiinsa ibsa saayinsaawaa dura jiruu ti. Innis rakkoo yookiin gaaffii ka’eef wanta deebii ta’uu danda’u tilmaamuu dha.

Yaalii gaggeessuu: yaalii gaggeessuun mal-dhahoo lafa kaa’ame fudhachuuf yookiin kuffisuuf gargaara. Yaaliiwwan saayinsaawaa jijjiiramoota hammachiisa. Jijjiiramaan adeemsa yaalichaa keessatti jijjiiramuu danda’a. Isaanis gosa sadiitu jiru: jijjiiramoota miti hirkataa, hirkataa fi to’atamaa. Jijjiiramoonni miti hirkataa qo’ataadhaan kan jijjiiramu ta’ee hariiroo taateewwan daawwatamuu (jijjiiramaa hirkataa) murteessuuf gargaara. Jijjiiramoonni hirkataa jijjiiramoota miti hirkataa irratti hundaa’uun jijjiiramu. Dhiibbaa jijjiiramoonni miti hirkataa jijjiiramoota hirkataa irratti geessisan keessa akka hin seenne jijjiiramoonni to’atamoo dhaabbataa ta’u. 

Fakkeenyaaf, hammi xaa’oo adda addaa dhiibbaa guddina biqilaa irratti qabu safaruuf, jijjiiramaan miti hirkataa hamma xaa’oo hojiirra oole (wanta yaaliirratti jijjiirame)dha. Jijjiiramaan hirkataa dheerinaa fi hanga biqilaa guddateetti (yaalii keessatti wanta dhiibame dha). Jijjiiramoonni to’atamaa gosa biqilaa, gosa xaa’oo, hamma ifa aduu biqilaan argatuu, guddina xuwwee(xaa’oo jechuu keeti ) itti fayyadamtuu hammata. Jijjiiramoonni to’atamoo qo’ataadhaan to’atamu. Yoo hin taane jijjiiramoota hirkatoorratti dhiibbaa geessisuu danda’u

Daataa funaanuu fi qaaccessuu:  yeroo yaaliin gaggeeffamu daataa funaanuu, qindeessuu fi qaaccessuu hammata
Yaada guduunfaa kennuu: daataan yaaliirraa argame erga qoratamee booda yaadni guduunfaa ni kennama. Haala salphaatiin yaadni guduunfaan: eeyyee, mal-dhahoon sirriidha; yookiin lakki; mal-dhahoon sirrii miti jechuun kaa’ama.
Argannoo gabaasuu: argannoo namoota biroof dabarsuu dha. Fakkii 5.1 ilaali.

Fakkii 5.1: Tartiiba mala saayinsaawaa (Madda: http://www.mrsreeve501.weebly.com.)

Cimina
Malli saayinsaawaa ifaa dha; argannoorratti wanti dogoggorsiisu xiqqaa dha.
Tooftaaleen daataa maddisiisuu funaanuuf gargaaran irra deddeebi’amuun bu’aa wal-fakkaatu argamsiisu.
Qo’annoon mala saayinsaawaan gaggeeffamu to’atamaa dha.

Hanqina

Haala qabatamaa addunyaa kanaa mana yaalii keessatti irra deebi’uun ulfaataa dha. 
Wantoonni biroo mana yaalii keessatti hin argamne bu’aa argamu irratti dhiibbaa geessisuu danda’u.

Yaada: Gareen ta’uun tartiibota mala saayinsaawaa hordofaa.
5.1.1.2 Mala Anaaloojii


Anaaloojiin wal-fakkeenya yaad-rimeewwan lamaa wal-bira qabuudha. Yaad-rimeen anaaloojii barattoota birattoota biratti beekamaadha, kan baay’ee hin beekamne galtee(target) barsiisati. Anaaloojii fi galteen amala mataa isaanii qabu. Anaaloojii fi galteen amala waliin qooddatan yoo qabaatan, anaaloojiin gidduu isaaniitii baha.

Barsiisonni barannoo isaanii guutuu keessatti, keessattuu yeroo gaaffii barattootaa deebisan anaaloojii fayyadamu. Barsiisonni jechoota kan akka “haala wal-fakkaatuun, akkuma kanaa, yeroo wal-cinaa qabamu” fi “akkuma isa kanaa” jedhu yeroo fayyadaman barattoonni isaanii yaad-rimee akka qabataniif anaaloojii fayyadamaa jiru.

Anaaloojiin yaad-rimee haaraa ibsuuf baay’ee nama gargaara. Asirratti barsiisaan yaad-rimee haaraa barsiisaa jiru wanta barattoonni salphaatti qabachuu danda’aniin wal-qabsiisuudha.

Anaaloojiin wanta beekamaa ta’ee fi wanta haaraa gidduutti riqicha yaad-rimee akka ijaarratan barattoota gargaara. Yeroo baay’ee yaad-rimeen haaraa wantoota isaan wal-qabatan waliin qalbeeffachuuf ulfaataa dha(Fkn: seelii, sirnakkoo, footoosintasisii). Anaaloojiin garuu barattoonni yaad-rimee wal-xaxaa haala hiika qabeessaan akka hubataniif gargaara. Anaaloojiin adeemsa barachuu konstiraaktivistii haala jajjabeeffamuun, barattoonni beekumsa ofii isaanii akka ijaarratan gargaara.
Mala anaaloojii daree keessatti itti fayyadamuuf, tarsiimoon anaaloojiin barsiisuu (Teaching With Analogy/TWA) nama Gilaayin jedhamuun bara 1991 A.L.A ibsame. Tarsiimoo TWA keessatti, amaloonni anaalogee fi galteen waliin qooddatan maappingii jedhama. Kaayyoon isaa yaada yaad-rimee beekamaa ta’e irraa(anaalogee) gara beekamaa hin taane(galtee) tti hariiroo gidduu isaanii maappiingiin dabarsuu dha. Moodeelli TWA tooftaalee raawwii jahan armaan gadii hammata.
Ibsa yaad-rimee galtee
Ibsa gabaabaa yaad-rimee anaalojii
Amaloota galtee fi anaaloojii beekamoo ta’an adda baasuu
Wal-fakkeenya galtee fi anaaloojii gidduu maappi gochuu
Hanqinoota anaaloojii adda baasuu
Yaada guduunfaa lafa kaa’uu
Fakkeenyi armaan gadii Gilaayin, 2004 irraa fudhatamee fi fooyya’ee dhihaate, faayidaa tooftaa TWA yeroo seensa yaad-rimee seelii bineeldotaa anaaloojii warshaa xiqqaa waliin wal-bira qabdu agarsiisa.
Ibsa yaad-rimee galtee: Seelonni hundi jiraachuuf molekiyuloota orgaanikii adda addaa guddinaa fi haaromsaaf isaan barbaachisu argachuu fi oomishachuu qabu. Gochaaleen kun kutaalee seelii wanta kana hojjechuuf oolan adda addaa ta’aniin raawwatama. Membireenii seelii, niwukilasii, maayitookondoriyaa, raayiboosoomotaa fi retiikulamiin indoopilaazimaawaa kutaalee seelii baay’ee barbaachisan keessaa muraasa dha.
Ibsa gabaabaa yaad-rimee anaaloojii: warshaan waardiyyaa, karra, buufata to’annaa, jenereetara anniisaa, karaalee keessaa fi maashinoota oomishaa qaba.
Amaloota galtee fi anaalojii beekamoo ta’an adda baasuu: to’annaa sochii, to’annaa gochaa, oomisha anniisaa, bu’aa oomishaa fi geejjiba bu’aa.

Maappii wal-fakkeenyaa: waardiyyoonni karra warshichaa to’achuu danda’u. Haaluma wal-fakkaatuun membireeniin pilaazimaa seelii bineeldaa cufuun wantoota gara keessaa seenanii fi gara alaa bahan to’ata. Gochaaleen warshaa buufata to’annootiin qindaa’a. Haaluma wal-fakkaatuun niwikilasiin gochaalee seelii to’ata. Gochaaleen seelii keessaa anniisaa barbaadu. Akkuma jenereetara elektirikaa warshaa keessaa, maayitokondoriyaan anniisaa molekiyuloota nyaataa keessaa baasuun anniisaa seelonni barbaadaniif oolcha. Warshaan maashinoota gargaaramuun meeshaalee dheedhiirraa bu’aa oomisha. Haaluma wal-fakkaatuun seelonni bineeldaa pirootiinotaa fi molekiyuloota orgaanikii biro guddinaa fi haaromsaaf barbaachisan oomishuu qabu. Raayiboosoomonni pirootiinota kana oomishu. Seeliin pirootiinii kana itti fayyadamuu danda’a yookiin seelonni biro akka itti fayyadamaniif gara alaa baasuu danda’a. Warshaan karaalee keessa keessaa bu’aa oomishaa irra sochoosan qaba. Haala wal-fakkaatuun molekiyuloota orgaanikii sochoosuuf, sirna membireenii wal-xaaxaa seelii keessatti wal-qabatan qaba. Sirni membireenii kun retiikulamii indoopilaazimaawaa jedhama.
Hanqinoota anaaloojii ibsuu: anaaloojiin warshaa-seelii akkuma anaaloojiiwwan biro guutuu akka hin taane yaadadhu. Fakkeenyaaf, membireeniin pilaazimaa seelii chaaneloota hedduu karra warshaan qabaachuu hin dandeenye qaba
Yaada guduunfaa lafa kaa’uu.Yaada guduunfaa keessatti, barattoonni hubannoo bu’uuraa yeroo seelonni fedhii isaanii guutanii jiraachuuf kutaalee seelii adda addaan walitti hidhaman, anaaloojii warshaa xiqqaan wal-bira qabu.

Yaad-rimee anaaloojii kutaalee isaanii waliin agarsiisuuf, Glynn,2008 irraa fudhatamee fooyya’e fakkii 5.2: irratti ilaali. Agarsiisa yaad-rimee anaaloojii kanarratti hundaa’uun, fakkeenyi anaaloojii faayidaa anniisaa madda adda addaa gidduu jiru fakkii 5.3 irratti kennameera.(fakkiin kn waan cite jiruuf haa ilaalamu

Fakkii 5.2 Agarsiisa yaad-rimee anaaloojii Fakkii 5.3 Fakkeenya anaaloojii
(Madda:Glynn, 2008)

Yaada: barattoota walitti siqanii hiriiran gidduu waraqaa marame wal-harka fuudhanii dabarsuun dadarba anniisaa ho’aa kondaakshiiniin raawwatu baratu. Barsiisaan waraqaa marame tokko ol darbuun anaaloojii madanaa hojjechuu danda’a. Barataan tokko waraqaa marame fuudhee bakka biraa geessuun konveekshinii agarsiisuu danda’a.(Waraqaa marame anniisaa ho’aa bakka bu’a).

5.1.1.3 Mala marii garee xixiqqoo

Ibsa mala kanaa boqonnaa 1ffaa jalaa dubbisuun gocha itti aanu mala marii garee xixiqqaatiin hojjedhaa.

Kutaa 5.2 : Sirna Usaansaa fi Wal-hormaata Namaa(Sa’aatii 1/2)
Ibsa gabaabaa
Adeemsi meetaaboolizimii seelota qaama keenyaa keessatti yeroo gaggeeffaman xuriin ni oomishama. Xuriiwwan oomishaman yoo hin dhabamsiifamne qaama keessa kuufamanii gara summiitti jijjiiramuu danda’u. Kanaafuu, fayyaa namaa eegsisuuf xuriiwwan qaama keessaa dhabamsiifamuu qabu. Adeemsi xuriiwwan qaama keessaa dhabamsiisuu usaansa jedhama. xuriiwwan kunnin kaarboondaayoksaayidii, wantoota hin bullaa’iin, wantoota summii ta’an, yuuriyaa fi kkf dha.

Nafni namaa qaamota adda addaa usaansaaf oolan qaba:
Somba: kaarboondaayoksaayidii fi hurka bishaanii yeroo gubata soorataa uumaman
: dhabamsiisuuf gargaara.
Gogaa: yuuriyaa, ashaboolee fi bishaan dafqa keessaa xannachoota dafqaan oomishaman
dhabamsiisuuf gargaara.
Tiruu:wantoota summaa’aa dhiiga keessaa dhabamsiisa.
Mar’immaan furdaa: nyaata hin bullaa’iin bobbaan karaa munnee dhabamsiisa.
Sirna fincaanii: qaamoleen fincaan oomishan, kuusanii fi dhabamsiisan sirna fincaanii uumu. Isaanis: kalee cimdii, yuureterii cimdii, afuuffee fincaanii fi yuuretiraa hammata ( fakkii 5.4 Kan cinaati mul’atu haa badu).

                                           Fakkii 5.4 Kalee

Fincaan kaleewwan keessatti uumamuu ujummoo qal’aa maashaawaa yuureterii jedhamuun gadi darba. Yuureteroonni kaleewwan lamaan irraa ka’an gara qalqalloo maashaawaa afuuffee fincaanii jedhamutti darbu . Affuuffeen fincaanii iddoo kuusaa ta’e fincaan karaa ujummoo gabaabaa yuuretiraa jedhamuun gara alaatti dhabamsiisa.

Kaleen tokko tokkoo isaa ujummoo calaltoota xixiqqoo nefiroonota jedhaman hedduu qabu. Nefiroononni yuunitii dalagaa kaleewwanii ti. Tokko tokkoon nefiroonii ujummoo dheeraa mammaramaa ta’ee caasaa xuriiwwan naayitirojiinawaa dhiiga keessaa calaluun fincaan uumudha. Nefirooniin giloomeruulasii (tuuta kaappilarootaa), kaapsiyuulii Bowumaan (caasaa sinii fakkaatee giloomeruulasii marsu) fi Heenilii luupii irraa tolfame.

Kaleen dalagaalee gurguddaa lama qaba:

  1. Xuriiwwan meetaaboolizimii dhiiga keessaa dhabamsiisuu
  2. Cunqoo wantoota dhangala’oo qaama keessaa to’ata

Nefirooniin sadarkaalee lamaan hojjeta:
Sadarkaa calaluu: bishaan, albuudota, ashaboolee, yuuriyaa, aminoo asiidonnii fi giluukoosiin dhiiga keessaa calalamu. Yuuriyaan xurii naayitirojiinawaa heddumminaan fincaan keessatti argamu dha.
.
Sadarkaa irra deebisanii xuuxuu: bishaan, albuudonni, aminoo asiidonnii fi giluukoosiin tibiyuulota reenaalii keessaa gara ujummoolee kaappilarootaatti geejjiba si’ataan irra deebi’anii xuuxamu. Kanneen hafan fincaan ta’ee bishaan, ashaboo fi yuuriyaa of keessaa qaba.
Wal-hormaanni adeemsa baayoloojikaalawaa ta’ee karaa dhalattoonni haaraa orgaanizimoota dhuunfaa warra isaanii irraa uumamanidha. Wal-hormaanni amaloota bu’uuraa lubbu qabeeyyota hundaati. Tokko tokkoon orgaanizimootaa bu’aa wal-hormaataati. Malli wal-hormaataa adda addaa gosa gurguddaa lamatti qoodamu. Isaanis saalessaa fi saal-malee(al-saaleessaa).
Wal-hormaanni dhalaa namaa wal-hormaata saalessaa ta’ee, wal-qunnamtiin saalaa dhiiraa fi dubartii gidduutti erga gaggeeffamee micireen uumama. Sirni wal-hormaata dhiiraa kutaalee gurguddoo lama qaba. Isaanis: cidhaan iddoo sanyiin kormaa oomishamuu fi tuffee dha (Fakkii 5.5)

Fakkii 5.5 :Caasaalee wal-hormaata dhiiraa
Haaluma wal-fakkaatuun sirni wal-hormaata dhalaas kutaalee lama qaba. Buqushaa fi gadameessi- akka fudhataa xaraanxaaraatti tajaajilanii fi ovaarota – hanqaaquu qopheessuuf gargaaranidha. Buqushaan karaa afaan gadameessaa gadameessatti kan hidhamu yoo ta’u gadameessi immoo ujummoo faalooppiyaaniin ovaarotatti hidhama. Yeroo murtaa’aa tokko keessatti ovaariin hanqaaquu gad-lakkisa. Hanqaaquun ujummoo faalooppiyaanii keessaan gara gadameessaatti darba ( Fakkii 5.6)

                                   Fakkii  5.6: Caasaa wal-hormaata dhalaa

Yeroo wal-qunnamtii saalaa, sanyiin kormaa hanqaaquu keessa seenuun wal-fudhata. Adeemsi kun fartilizeeshinii jedhama. Fartilaayizeeshiniin baay’inaan kan gaggeeffamu ujummoo faalooppiyaanii keessatti ta’ee, gadameessa keessattis ta’uu danda’a. Zaayigootiin dhaaba gadameessaatti qabachuun achumatti adeemsa dagaaginaa eegala. Micireen guddina gadameessa keessaa xumuree ala jiraachuuf gahaa yoo ta’u afaan gadameessaa bal’achuun kottonfannaa gadameessaan dhiibamee karaa buqushaa gara alaatti baha.

Ulfi wayitii micireen gadameessa keessatti hirmama maayitoosisii gaggeessuun guddatu dha. Yeroo kana keessatti, micireen nyaataa fi dhiiga qulqulluu hobbaatiin calalame karaa ujummoo handhuuraa haadharraa argata. Micireen yeroo guutummaan dagaagu, mallattoo keemikaalaa adeemsa dhalachuu agarsiisa. Innis gadameessi miciree karaa ujummoo da’umsaa dhiibuun eegala. Kan haaraa dhalate daa’ima ( infant ) jedhama.

Yaada: karoora maatii, umurii malee heerumuu, ulfa baasuu fi kkf yaada keessa galchaa.

Yeroo hanqaaquun ovaarii keessaa gad- lakkifamu, wal-qunnamtiin saalaa hin gaggeeffamne taanaan laguun ni uumama. Laguun dhaabni gadameessaa diigamee fi hanqaaquu duute bifa dhiigaatiin gara alaatti bahuu dha. Laguun ji’a ji’aan waan irra deddeebi’uuf marsaa laguu jedhama. Laguun yeroo baay’ee guyyoota muraasaa (guyyoota 3-7) tura. Dubartoota gidduu garaagarummaan jiraatus, marsichi guyyoota 28 fudhata.

Marsaa laguu keessatti, hanqaaquu ofitti fudhachuuf dhaabni gadameessaa ijaaramuu, yoo hanqaaquun hin misoomne tishuun dhaaba gadameessaa diigamuun dhiignii fi tishuun gara alaa yaa’a. Kunis laguu jedhama ( Fkkii 5.7).

Fakkii 5.7 :Marsaa laguu

Umuriin ga’eessummaa saalaa umurii namni tokko wal-horuu itti danda’udha. Yeroon adeemsa umurii ga’eessummaa saalaa namaa puubartii jedhama. Akka waliigalaatti yeroon puubartii dhiiraa umurii waggaa 13-15 tti ta’ee, hormoonii dhiiraa testoostiroonnii ispermaatoo jenesisii fi amala saal- lammeessoo dhiiraa murteessu oomishu dha. Puubartiin dubartii immoo waggaa 9-13 ta’ee, yeroo ovuleeshinii fi laguu jijjiirama marsaawaa hormoonota estiroojiinii fi piroojestiroonii, fi dagaagina saal-lameessoo dhalaa ti.

Yaada: marii keessan keessatti amaloota saal- lammeessoo dhiiraa fi dubartii keessattuu laguu dubartoota keessaa fi oomisha sanyii kormaa dhiira keessaa, laguun yoom akka uumamu fi akkamitti akka uumamu, laguun dura, yeroo laguu fi laguun booda of- eegannoo godhamuu qabu irratti xiyeeffadhaa.

Dhukkuboonni saal- qunnamtiin daddarban dhukkuboota nama tokkorraa gara nama birootti yeroo qunnamtii saalaa saalaa darbani dha. Yoo xiqqaate dhukkuboonni qunnamtii saalaan daddarban adda addaa 25 ta’an mallattoo addaa addaa qabantu jiru. Dhukkuboonni saal- qunnamtiin daddarban beekamoo ta’an cophxoo, fanxoo, jenital wartsii fi tiraayikoomoniyaasisii dha.

Yaada: garee gareetti wal-ramaduun dhukkuboota saal-qunnamtiin daddarban beekamoo ta’an tokko yookiin lama gareen walii qooduun erga ragaa funaannattanii bu’aa argattan waliif qoodaa.
5.2.1 Tooftaalee Barsiisuu (Sa’aatii 2)
5.2.1.2 Mala Jigsaawu


Malli jigsaawu tarsiimoo wal-gargaaruun barachuu ta’ee barattoonni miseensa garee tokkoo qabiyyee tokkorratti erga bal’inaan mar’atanii wanta baratan barattooota garee biroof yeroo qoodani dha. Barsiisaan adeemsichaaf haala mijeessa. Tooftaan mala jigsaawuun barsiisuu yeroo jalqabaaf kan yaadamee fi hojiirra oole nama Illiyoot Aroonsan (1978) jedhamuuni. Tarsiimoon jigsaawu tooftaa wal-gargaaruun barachuun mijataa dha . Adeemsi jigaawu dhaggeeffachuu, hirmaachuu fi hubachuu jajjabeessa. Miseensonni garee hundi qabiyyee tokko irratti bal’inaan hojjetu.

Daree barnootaa jigsaawu keessatti boqonnaan yookiin barannoon guyyaa iddoo hedduutti qoodama. Daree guutuun gareewwan adda addaatti qoodama ( garee duraa). Barsiisaan tokko tokkoo gareewwaniif dalagaa adda addaa boqonnichaa yookiin barannicha keessaa kennaaf. Tokko tokkoon miseensota garee dhuma irratti garee isaanii bakka bu’uun hojii garee isaanii akka dhiheessan qajeelfama ifa ta’e dabarsu. Tokko tokkoon garee wal- hubachiisuuf dalagaa kennameef irratti wal- gargaaru. Itti aansuun barsiisaan garee haaraa(garee eksipartii) miseensota garee duraa hundarraa walitti bahan ijaara. Garee haaraa keessatti tokko tokkoon barataa eksipartii ta’ee odeeffannoo garee duraa irraa barate barsiisuu fi garee biroo irraa barachuuf itti gaafatamummaa qaba.

Tartiiba Raawwii
Barattoonni gareewwan nama 5-8 qabuutti qoodamu ( garee duraa)
Qabiyyee adda ta’e garuu walitti hidhata qabu tokko tokkoo gareewwaniif kennama.
Tokko tokkoon barattoota daree keessaa qabiyyee kennameef irratti wal- gargaaruun erga hojjetanii qabiyyee isaanii irratti eksipartii ta’u
Garee irra deebiin hundeessuu. Tokko tokkoon Miseensota garee duraa garee haaraa
(garee eksipartii) keessatti ramadamuun qabiyyee garee isaanii dhiheessuun kan garee biroo baratu ( Fakkii 5.8)
Eksipartoonni garee duraatti deebi’uun qabiyyeewwan kennaman hundarratti mari’atu.
Hubannoo isaanii madaalu

Fakkii 5.8 Garee Jigsaawu, lakkoofsi barattoota bakka bu’a (source: http://www.edtech2.boisestate.edu)

Cimina
Hamma hirmaannaa barattoota daree keessaa dabala
Dorgommii daree keessaa hir’isuun wal-gargaarsa barattoota gidduu dabala
Olaantummaa barsiisaan daree keessatti qabu hir’isa
Ilaalcha wal-qixxummaa barattoota gidduutti uuma
Qabiyyee akka baratanii fi beekumsa gad- fageenyaa akka dagaagfatan gargaara.
Hubannoo yaad- rime dagaagfatu
Ogummaa gareen hojjechuu fi wal- gargaaranii hojjechuu dagaagfatu
Hanqina
Garee eksipartii fi garee duraa gidduu yerroon wal-qixa ta’uu dhabuu
Barattoonni mala barachuu kana leenji’uu qabu
Hooggansi daree rakkoo ta’uu danda’a.

Yaada: Mala jigsaawu hojiirra olchuuf tartiiba raawwii fi fakkii 5.8 hordofaa.
5.2.1.3 Garee xixiqqaa barsiisuu


Garee xixiqqaa barsiisuun tooftaa barsiisaa ittiin leenjisan ta’ee ogummaa barsiisummaa cimsachuuf gargaara. Innis barsiisuu isa xiqqaa (scale down) ta’ee namni leenji’u garee hiriyyootaa yeroo barannoo tokkoo gadiif kan barsiisu dha. Haala baruu barsiisuu qabatamaan hojiirra oolchuun ogummaa barsiisummaa dagaagfachuu fi ogummaa barsiisummaarratti beekumsa gad-fageenyaa argachuuf gargaara.

Leenjifamtoota, gochaalee moojula kana keessaa yeroo hojjetan hundaa qabiyyeewwan boqonnichaa tokko tokkoo isaa mala si’aayinaan barachuu moojulii keessatti eeraman gargaaramuun hiriyoota daree barsiistu. Yeroo kana gootan mala garee xixiqqoo barsiisuu hojiirra oolchaa jirtu. Kanaafuu, beekumsa qabiyyee barnootaa, hojiirra oolmaa mala si’aayinaan barachuu fi ogummaa barsiisummaa keessan gabbifachuuf gochaalee akka wal- barsiistan isin gaafatu hunda hojjedhaa.

Boqonnaa kanaaf gocha itti aanu hojjedhaa.

Yaada: garee tokkoof cophxoo, garee lammaffaaf fanxoo, garee sadaffaaf jenitaal waartisii, fi garee arfaffaaf tiraayikomoniyaasisii gargaaramuun gareewwan mala jigsaawu gargaaramuun daree akka barsiisan gochuu.
Kutaa 5.3 HIV/AIDS fi barmaatilee miidhaa geessisan (Sa’aatii 1/2)
Ibsa gabaabaa
“AIDS”n gabajee “Acquired Immune Deficiency syndrome” jedhuuti . Innis sababa faalamuu HIV irraan kan ka’e sirna madiinummaa qaamaa dadhabsiisu dha.

“ HIV”n gabajee “Human Immune deficiency virus” ti. Innis vaayirasii seelota dhiiga adii qaama dhukkuba irraa ittisu miidhu ta’ee sirna madiinummaa dadhabsiisuun dhukkuboota daddarboo yookiin cawweef saaxila. Innis vaayirasii dhala namaa qofa miidhu dha. HIVn dhiiga keessa jirachuu qorannoo dhiigaan beekama. Vaayirasichi dalagaa isaa raawwachaa waggoota dheeraaf dhiiga keessa turuu danda’a. Namoonni HIVn faalaman mallattoo tokko osoo hin mul’isiin waggoota dheeraa jiraachuu danda’u.

Yaada: Kitaabolee mana kitaabaa yookiin gumii HIV/AIDS yookiin buufata fayyaa naannawaa keetti argamu daawwachuun deebii barbaadaa.

Barmaatileen miidhaa geessisan hamma danda’ametti bal’inaan hiikama. Akka waliigalaatti, barmaatileen miidhaa geessisan fayyaa, uumama fiizikaalaa, saayikoloojii, fedhii hawaasummaa fi dagaagina dhala namaa irratti dhiibbaa kan qabu ta’ee yaad- hiddamaa saayinsaawaa fi gochaa saayinsaawaan wal hin gitu. Barmaatileen miidhaa geessisan biyya keenya keessatti: foon dheedhii nyaachuu, aanaan hin danfine dhuguu, xuriiwwan nama keessaa bahan iddoo sirrii hin taanetti gatuu, bosona ibiddaan gubuu, dhaqna qabaa dubartii, seeraan ala ulfa baasuu, butii, dirqisiisanii gudeeduu, umurii malee heerumuu fi kkf hammata.

Yaada: mala piroojektii, mala iyyaafannoo gargaaramuun erga odeeffannoo funaannattee mala yaaduun cimdiin waliif qooduu yookiin mala jigsaawuun dareef qoodaa.
5.3.1 Tooftaalee Barsiisuu (Sa’aatii 2)
5.3.1.1 Mala qo’annoo haalaa


Malli qo’annoo haalaa qaaccessa haala tokkoo (kan qabatamaan jiru yookiin kan namni uume) ta’ee beekumsa hojiirra oolchuu fi haala wal- fakkaatu keessatti yaada guduunfaa lafa kaa’uuf gargaara.

Yeroo baay’ee qo’annoon haalaa namaan kan uumamu osoo hin taane haala qabatamaa hawaasaa keessaa kan fudhatamu dha. Haala mijeessaan qo’annoo haalaa erga raabsee hirmaattonni dhuunfaan, cimdiin yookiin garee xixiqqoon irratti hojjetu. Hirmaattonni qo’annoo haalaa irratti erga dubbisanii, calaqqisiisanii fi mari’atanii booda, haala mijeessan garee guddaatti fidhuun dhimma ka’e irratti akka mari’atan taasisa.
Qo’annoon haalaa barattoonni beekumsa barnootaa hojiirra oolchuun haala rakkoo tokkoof fala akka kennan irraa eega. Barattoonni beekumsa barnootichaa dhuunfaan, garee xixiqqoon yookiin gocha daree guutuun hojiirra oolchuu danda’u. Innis barattoonni rakkoolee haala qabatamaa adunyaa kana keessaa fi gufuuwwan qunnamaniif beekumsa barnootaa hojiirra oolchuun fala nama hojjechiisuu danda’an akka lafa kaa’an taasisa.

Qo’annoon haalaa yeroo barreeffamu yookiin fooyya’ee fudhatamu kaayyoon barnootaa ifa ta’uu qaba. Qo’annoon haalaa qophaa’uu kaayyolee kana kan galmaan gahu ta’uu qaba. Fedhii barnootaa garee hirmaattotaa hubachuu fi qo’annoo haalaa garee hirmaattotaa kana hojjechiisuu danda’u ijaaruu. Gaaffilee hirmaattorraa ka’uu danda’uuf deebii quubsaa kennuuf qopaa’aa ta’uun baraachisaa dha. Daataa fi ibsa qo’annoo haalaa keesatti kennamu irratti of- eeggannoon hojjechuun baraachisaa dha.

Cimina
Bakka bu’aa mijataa haala qabatamaa addunyaa kanaa ta’uun tajaajila
Barattoonni rakkoowwan jireenya keessaa akka qaaccessanii fi furan isaan dandeessisa
Barattoonni si’aayinaan hirmaachuun rakkoon wal- fakkaatu osoo isaan qunnamee maal gochuu akka danda’an akka yaadan taasisa.
Ogummaa qaaccessuu, rakkoo hiikuu fi murtii kennuu akka dagaagfatan gargaara
Hirmaattonni jalqaba akka calaqisiisan, itti aansuun akka mari’atanii fi yaada itti kennan taasisa. Kun immoo tooftaa barachuu adda addaa hojiirra oolcha.
Walitti dhufeenyaa fi hirmaannaa barattootaa cimsa.

Hanqina
Qo’annoo sirrii uumuuf yeroo fi humna guddaa gaafata
Rakkoowwan qo’annoo haalaa keessatti dhihaataniif falli murtaa’aa ta’e hin jiru . Haala mijeessaan qo’annoo haalaa kana fiixa baasuuf ogummaa gahaa qabaachuu qaba.
Hirmaattonni qabiyyeewwan qo’annoo haalaa keessatti eeraman qofarratti daanga’uu danda’u.

Fakkeenya
Haala – Kabbadaan dargageessa magaalaa guddittii biyyaa irraa fageenya dhihoorra nama jiraatu dha. Warri isaa qonnaan bultoota. Innis gochaalee qonnaatiin maatii isaa ni gargaara. Hiriyoota isaa keessaa, Roobeel magaalaa jiraata. Innis gara magaalaa dhufee dhugaatii alkoolii akka dhugu affeera. Yeroo baay’ee affeerraa hiriyaa isaa diduun ture, sababni isaas yeroo darbe keessaa guyyaa tokko abbaa fi haati isaa namoonni bakka dhugaatiitti HIV/AIDSn faalamu jedhanii itti himanii turan. Garuu yeroo tokko tokko affeerraa hiriyyaa isaa fudhachuun waliin dhuguun gara manaatti deebi’uu dhiisuu danda’a.
Haala kana barattootaaf erga kennitee booda gaaffilee armaan gadiirratti mari’achuun akka deebisan gaafadhu.
Kabbadaan affeerraa hiriyyaa isaa fudhachuu dhiisuun gaariidhaa? Maaliif ?
Abbaa fi haati Kabbadaa namoonni iddoo dhugaatiitti HIV/AIDSn faalamu jechuun isaanii sirrii dhaa ? Ibsi.
Kabbadaa, hiriyyaa isaa (Roobeel) fi abbaa fi haadha Kabbadaaf gorsa maal kennita ?

Yaada: Haala akka fakkeenya olii irratti kennameen qopheessuu yookiin waa’ee HIV/AIDS haala qabatamaa naannaawaa keessanii barbaaduu dandeessu. Kaayyoon isaa sababaa, mallattoo, ittisaa fi mala yaalii ta’uu hin dagatiinaa.
5.3.1.2 Mala Diraamaa
Mala diraamaa irratti ibsa boqonnaa lammaffaa jalatti kenname ilaaluun gocha itti anuu hojjedhu

Yaada: gahee dhukkubsataa AIDS, dooktoraa, narsii, hiriyaa fi warra dhukkubsataa barattootaaf qooduun hojjechuu dandeessu.
Cuunfaa Boqonnaa
Nyaanni wantoota bu’uuraa dhala namaaf barbaachisan keessaa tokko dha. Akkuma boba’aan mootoraaf anniisaa kennu, nyaanni qaamota keenyaaf anniisaa kenna. Haa ta’u malee, nyaanni sababa faaltota paatoojiinotaan faayidaa dhabeessa ta’uu danda’a. Kanaaf qulqullinni nyaataa barbaachisaa dha. Qulqullinni nyaataa nyaanni haala dhala namaaf miidhaa hin qabneen qophaa’uu fi ol kaa’uu dha.

Qaamni namaa adeemsa meetaaboolizimii keessatti xuriiwwan adda addaa qaama midhuu danda’an oomisha. Xuriiwwan kunniin adeemsa usaansa jedhamuun karaa sombaa, gogaa, tiruu fi kalee gara alaatti dhabamsiifamu.

Wal-hormaata namaa keessatti caasaan wal-hormaata dhiiraa cidhaanii fi tuffee kan hammatu yoo ta’u caasaan wal- hormaata dubartii immoo ovaarii, gadameessaa fi buqushaa hammata. Yeroo wal- qunnamtii saalaa gaametiin kormaa gara sirna wal- hormaata dubartiitti darbuun fartilaayizeeshiniin ni gaggeeffama. Hanqaaquun misoome hanga da’umsaatti qaama dhalaa keessatti dagaaga. Haa ta’u malee, ovuleeshiniin booda fartilaayizeeshiniin yoo hin gaggeeffamne, hanqaaquu fi dhaabni gadameessaa caccabuun bifa dhiigaatiin gara alaatti dhabamsiifama . Innis laguu jedhama.

AIDSn dhukkuba vaayirasiin dhufu ta’ee seelota dhiiga adii qaama dhukkuba irraa ittisan miidhuun suuta suuta sirna madiinummaa dadhabsiisuun dhukkuboota biroof saaxila.

Mata dureewwan boqonnaa kana jalaa barsiisuuf malleen si’aayinaan barsiisuu adda addaa fayyadamuu dandeessa. Iddattoowwan malleen baruu barsiisuu boqonnaa kana jalatti filatamanii ibsaman mala saayinsaawaa, mala anaaloojii, mala garee xixiqqoon wal- barsiisuu, mala jigsaawu, mala qo’annoo haalaa fi mala diraamaa hammata. Dabalataan, marii garee xixiqqoo fi mala agarsiisaa boqonnaa kana keessatti fayyadamuun ni danda’ama.

Cheekliistii Leenjifamtoota, fuuldura himoota itti aananii isin hojjechuu dandeessaniitti mallattoo (✓) kaa’aa. Yoo hojjechuu hin dandeenye, duubatti deebi’uun irratti mari’adhaa.

Kana gochuu dandeessaa? Eyyee Lakki
Qulqullina nyaataa fi hanqina nyaataa ibsuu
Madda anniisaa qaamaa kan mootoraan wal- bira qabuu
Sirna usaansaa fi wal- hormaata namaa ibsuu
Dhukkuboota saal-qunnamtiin daddarban beekamoo ta’an ibsuu
Mala saayinsaawaa, anaaloojii, garee xixiqqoo barsiisuu, jigsaawu, qo’annoo haalaa fi diraamaa ibsuu
Mala saayinsaawaa, anaaloojii, garee xixiqqaa barsiisuu, jigsaawu, qo’annoo haalaa fi diraamaa mata dureewwan saayinsii wal- simataa barsiisuu keessatti hojjiirra oolchuu
Qabxiiwwan ijoo boqonnaa kanaa cuunfuu

Tooftaalee/Malleen/Tarsiimoowwan Boqonnaan kun ittiin dhihaatu
Mala saayinsaawaa, anaaloojii, agarsiisa, qo’annoo haalaa, diraamaa, mala jigsaawu, marii garee xixiqqoo fi garee xiixiqqoon wal- barsiisuu.

Adeemsa Baruu-Barsiisuu keessatti Gochaalee Barattootaa fi Haala mijeessitootaa
Gochaa Barattootaa
Yeroo qajeelfamni kennamu hordofuu
Dhiheessaa fi marii daree keessatti si’aayinaan hirmaachuu
Gochaalee adda addaa, hojii manaa, abbaltii dhuunfaa fi abbaltii garee hojjechuu
Mala si’aayinaan barachuu gargaaramuun garee xixiqqoon wal-barsiisuu

 Gochaa Haala Mijeessaa
Qabiyyee fi malleen baruu barsiisuu beeksisuu
Meeshaalee fi dalagaawwan qopheessuu fi raabsuu 
Barattoonni yeroo abbaltii, piroojektii hojjetan gargaaruu
Marii dareef haala mijeessuu 
Hojii barattootaarratti yaada kennuu
Iyyaafannaa gaggeessuu fi bu’aa madaallii galmeessuu

 Tarsiimoo fi Tooftaalee iyyaafannaa boqonnichaa
Abbaltii fi dhiheessa dhuunfaa fi garee
Hirmaannaa marii daree fi hojii garee 
Hojii Piroojektii
Garee xixiqqoon wal- barsiisuu
Battallee fi teestii

Meeshaalee Barnootaa
Meeshaaleen barnootaa: LCD, laaptooppii, kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaa fi silabasii saayinsii wal- simataa kutaa 5-6, maarkerii, filiipchaartii, diyaagiraamii, chaartii, poostara, moodeeloota, meeshaalee laaboraatootii, kiitii saayinsii fi meeshaalee wantoota naannoo irraa hojjetamanii fi fooyya’an.

Kitaabilee Wabii Boqonnaa Kanaaf Barbaachisan
Akre, B., Brainard, J., Gray-Wilson, N. and Wilkin, D. (2009). Biology. flex book next generation text book.
Balaraman, P., Khan, M., Fleming, M., Nowicki, D. and Lacey, J. (1996). Strategies for Effective Teaching. In: Handbook for Teaching Assistants (Sandra Courter, Prabhu Balaraman, Joe Lacey, and Clark Hochgraf, eds) . University of Wisconsin.
Glynn, S. M. (2008). Making science concepts meaningful to students: Teaching with analogies. In: S. Mikelskis-Seifert, U. Ringelband, and M. Brückmann (Eds.), Four decades of research in science education, pp. 113-125. Germany.
Paris, N. A. and Glynn S. M. (2004). Elaborate analogies in science text: Tools for enhancing preservice teachers’ knowledge and attitudes. Contemporary Educational Psychology 29, 230–247,Athens
Glynn, S. M. and Takahashi, T. (1998).Learning from Analogy-Enhanced Science Textvol. 35(10). PP. 1129–1149, Athens
Lom, B. (2012). Classroom Activities: Simple Strategies to Incorporate Student-Centered Activities within Undergraduate Science Lectures.The Journal of Undergraduate Neuroscience Education. Vol. 11(1).
Remesh,A. (2012). Microteaching, an efficient technique for learning effective teaching.Journal of Research in Medical Sciences. India

Boqonnaa Jaha: Lafa Barsiisuu (8 fi 1/2hr)

Seensa Boqonnaa

Boqonnaa kana keessatti lafa, sirna aduu (soolaarii), atmoosfera, qilleensa baramaa fi saatalaayitii ilaachisee hubannaan waliigalaa ni kennama. Boqonnaan kun caalmaan kan irratti xiyyeeffatu mata dureewwan kun mala baruu barsiisuu ammayyaa mijaaaa hirmaannaa siaayinaan barachuu barataa dhugoomsuu dandaamuun kan kennamuu dha. Maloota barachuu siaayinaa heddu fi akkaataa tooftaalee barachuu siaayinaa mataduree barsiifamu hojiirra oolutu kennama. Malleen barachuu boqonna kana kan ofkeessatti hammatu moodeela gargaaramuu, rakkoo furuu, tooftaalee barachuu shanan E, wiilii fiyuucharii, walfalmii, od-ibsa gaaffii fi deebii fi mala od-ibsa agarsiisuu dha. Kana malees, malleen barsiisuu agarsiisaa fi marii garee xixiqqaan illee gargaaramuun ni dandaama.

Barannoo 6.1. Lafaa fi Sirna Aduu (1/2hr)

Seensa
Lafti Meerkurii fi Veenusiittii aantee pilaaneetii fageenya kiiloomeetiroota miiliyoona 150 (Maayilii miiliyoona 93.2) aduu irraa fagaattee argamti. Diyaameetira kiiloomeetira 12,756 (Maayila 7,973) tti tilmaamamu qabdi. Bocni lafa boca duqunqulaaaa akka killee obileet ifeerooyid jedhamuu dha. Sirna aduu keessatti lafti pilaaneetii addaa lubbu qabeeyyiin irra jiraatanii dha. Lafti baqqaanota adda addaa keessaa gara alaa koori(hadhuura), maantilii fi kirastii jedhaman qabdi. Kooriin. tilmaamaan diyaameetira kiiloomeetira 7000 qabaachuun hadhuura (walakkaa) lafaatti argamtuudha. Maantiliin koori marsee argamu yabbina kiiloomeetiroota 2900 fi qabee lafaa 80% kan qabuudha. Kirastii (irri lafa) baqqaana maantilii irra bololiee dirra lafaa galaana jalaa baasaalti fi dirra dachee giraanaayitii qabuu dha. Rukkina xiqqaa cirrachoota siilkeet yabbina 50-70 qabuu dha.

Sirni Aduu, Aduu, pilaanetootaa, addeessota, astirooyidoota, koomeetota, metiyooraayidoota, daaraa fi qaamolee pilaanetoota gidduu aduu marsan hunda kan ofkeessatti hammateedha. Pilaanetoonni sirna kana keessatti argaman Merkurii, Veenusii, Lafa, Maarsii Jupitarii, Saatarnii, Yuraaniyusii fi Puluutoo dha.
Sirni soolaarii dabalatee, urjiilee daran baa`yeen guyyaa samii qulqulluu samii irraa ifa argatan hundi handhuura sirna gaalaaksii keenyaatti marsu. Gaalaaksiin boca diiskii ispaayiraalii urjiilee biiliyoona 200 keessatti argaman kun Milki weeyii jedhama.

Yaada: Odeeffannoo yoo qabaachuu baattan, mana kitaabbaa, interneetii yookiin ogeessaa irraa argachuu dandeessu.

Wanti Sirna Aduu keessatti argamu hundi aduutti marsu.
Pilaaneetoonni, saatalaayitoonni pilaanetootaa hedduu fi astirooyidoonni oorbiitii isfeerikaalaa kallattii walfakkaatu irra aduu marsu
Lafti haala walirraa hin cinneen sochii siiqqee ofii fi oorbiitii aduu marsuu irate argamti. Sochiiwwan kunniin taiiwwan beekamaa akka guyyaa fi halakanii, jijjiirama waqtiilee fi haala qileensaa adda addaa zoonota lafa irraatti uumamu. Lafti sochiilee lama taasisti.Isaanis martoo siiqqee fi marsuu oorbiitii irraati. Lafti siiqqee ofii irraa kallattii faallaa saaatii dhihaa gara bahaa marsiti.Sochiin kun martoo lafaa jedhama. Lafti sochii martoo kana sia tokko marsuuf saaatii 23, daqiiqaa 56 fi sakondii 4,09 itti fudhata. Guyyaa fi halkan sochii martoo lafti siiqqee iratti taasiftu kanaan uumama.
Lafti siiqqee ofiitti naannaaa faallaa sochii saaatiin daandii oorbitaa illiptikaalaa irra aduu naannofti. Lafti sia tokko aduu naannauuf waggaa tokko itti fudhata. Daandiin illiptikaalaa kun oorbiitii lafaa jedhama. Oorbiinni lafaa kun tilmaammaan geengawaa dha. Sochii naannauu kanaan lafti iddoo (sadhanni) argamaa birqaba aduun qabdu haala itti fufuun jijiiraa jirti. Kun jijiirama waqtiiilee fida. Lafti naanna`a aduutti taasistuun iddoowwan ijoo afurtu jiru. (Fakkii 6.1 )
Argama Waxabajjii guyyaa 21ffaa: Iddoo kanatti aduun sirrii tirooppikii Kaansarni irra oolti. Iddoon kun Solistikii gannaa (Summer solistice) jedhama.
Kun walakkaa Kaabatti waqtiigannaa ti. Walakkaa kibbaatti garuu waqtii Bona ti.
Waxabajjii guyyaa 21 walakkaa kaabaatti guyyaan ifaa hunda irraa dheeraa dha.

Iddoo muddee guyyaa 22ffaa: Iddoo kanatti aduun sirrii tirooppikii kaappiriikoorni  irra oolti. Iddoon kun Solistikii bonaa (Winter solistice) jedhama. Tibba kanaatti walakkaa kibbaatti guyyaan ifa aduu dheeraa fi halkan ammoo gabaabaa ta`a.    

Iddoon kun jalaqaba gannaa walkaa kibbaa fi jalqaba bonaa walakaa kaabaati.

Iddoo Ebla fi Fulbaan guyyaa 21ffaa:

Iddoo lamaan kanattii aduun sirrii mudhii lafaa irra oolti. Kanaaf, walakkaan sarara laatiitiyuudii hundi ifa aduu argatu. Haala kanaan iddoon lafaa hundii dheerina guyyaa fi halkanii walqixa qabaatu. Waqtiileen walakkaa lafaa hundi walfakkaataadha.

Iddoowwan lamaan kun Ikunooksota (equinoxes) jedhamuun beekema. Ebli 21ffaan waqtii afraasaa (spring) yookiin ikunooksii varnaal (vernal equinox) yemmuu jedhamu Fulbaanni 23ffan ammoo ikunooksii birraa (autumn ikunox) edhama.

Fakkii 6.1 bakka argama lafaa fi waqtiilee
Laftii fi addeessii ifa aduu irraa argatu. Walfakkaachuu martoo lafaa fi addeessaa irraa kan kae, qaamni aduu walakkaa tokko qofatu lafa irraa mulata. Qaamni aduu guutuun (Full Moon) lafa irraa kan mulatu jiatti altokkoodha. Addeessa haarettii(New Moon) irratti Addeessi guutummaattuu hin mulattu. Fuulli addeessaa lafatti garagalee jiru waan dukkana taeef, ifti aduu addeessa irraa balaqqeessaee fuula addeessaa nutti mulisu hin jiru. Yammuu lafti Aduu fi Addeessa gidduu ooltu, ifti Aduu Addeessa dhaqqabuu hin danda`u. Inumaa gaaddisa Lafaatu Addeessa irra qubachuu addeessa dukkana keessa taasisa. Kun Gaaddiddeessa Addeessaa (Lunar Eclipse) edhama. Gaaddiddeessi Adeessaa yeroo hunda Addeessa Guutuu irate ni uumama. Addeessi gidduu Aduu fi Lafaa yammuu oolu, ifti Aduu addeessaan qolamuun gaaddisni Addeessaa Lafa irraa qubata. Kun Gaaddiddeessaa Aduu (Solar Eclipse). Gaaddiddeessi Aduu guyyaa Addeessa H\aaraatti uumama. (Fakkii 6.2)

Figure 6.2Gaaddiddeesaa Addeessaa fi Aduu
6.1.1 Mala Barsiisuu (3hr)
6.1.1.1 Bu`uura Mala Moodeela


Moodeelli qaama tokko, taiiwwan yookiin yaada ( ilaamaa) sirnaan wanta barame (madda) fakkaatu kan bakka buuu dandauu dha. Malli barsiisuu moodela irratti hundaa’e mala barsiisuu yaad-rimee saayinsii moodelaati Barnoota saayinsii keessatti akaakuuwwan moodeelaa heddutu jiru. akaakuuwwan lamaan beekamoon moodeela yaadirimeessaa (Conceptualmodels) fi moodeela sammuu (mental models) dha. Moodeelli yaad-rimeessaa akkameeshaalee sirnoota barsiisuu yookiin hubachiisuuf hojjetamuudha. Moodelli yaad-rimeessaan wantoota dhugoo gara alaa haalota barsiisotaan ykn saayinsistootaan mala barsiisuu sissi’eessuuf salphisuuf uumani dha. Gama biraatiin moodeelonni sammuu ammoo kan namoonni sammuu keessaa qabanii fi qajeelchituu fayyadama wantootaa isaanii ti. Moodeelonni sammuu keessoo fi ibsituu yaad-sammuuti. Moodeelonni yaad rimeessaa kan ofkeessatti hammatan, moodeelota herregaa, moodeelota kompiyuutaraa fi moodeelota fiizikaalawaati. Kana irate nuti moodeela fiizikaalaa irate xiyyeeffanna. Hawaasummaa barnoota saayinsii keessatti moodeelonni fiizikaalawaa isaan haalota qabatamaa jiran, kan baadhatamanii fi tuttuqamanii dha. Fakkeenyaaf, kutaawwan daree sadarkaa tokkoffaa keessatti horgoggeen akka moodeela fiizikaalawaa qaamaa dhugaa akka konkolaataa faa bakka buee fayyaduu ni dandaa. Moodeelli fiizikaalaa sirna Aduu, Aduu fi plaaneetoota saglan aduu marsan bakka buan tolchuun ni dandaama. (Fakkii 6.3)

Fakkii 6.3Moodeela Fiizikaalawaa Sirna Soolaarii (http://csep10.phys.utk.edu/astr161/lect/).

Hawaasummaa saayinsawaa biratti moodeelonni hubannoo saayinsawaa uumuuf tooftaa barbaachisaa taeedha. Barsiisonni moodeelota fayyadamuun hubannoo daawwannaa isa asiliin jiru fakkaatu uumuun barattoonni isaanii gargaaruuf yaadota ilaaluuf hin mijanne akka wantoota daran gurguddoo, xixiqqoo, yookiin iddoon hin daangofne akka mulatuuf
addemsota kallattiin salphaatti hin mulanne, sirna bullaina nyaataa
yaadota hin mulanne, keessattuu amala maatarii, daddarbuu anniisaa. Barattoonni saayinsii keessatti moodeelota siaayinaana fayyadamuun bu`aa hubannoo yaadrimeewwanii fi adeemsotaa gadifageenyaa barumsa barannooisaaniikeessatti qabaatu. Moodeela akka mala barsiisuutti yammuu fayyadamamu kamiiyyuu qajeelfama kaayyoo fi faayidaa, beekumsa duraa barattootaa, muuxannoo fi dandeettii fi umrii xiyyeeffannaa keessa galuu qaba.

Cimina
Moodeelonni akka barattoonni gochaalee naannoo tokko keessaatti hirmaatan taasisa.
Moodeelaan hojjachuun dandeettii yaaduu sirnoota olkaasa.
Moodeelonni qaamolee dayaameenshinii sadii ilaaluuf mijaaaa taan uumuu dandau. Models can provide a three-dimensional object and good for visualization Moodeelonni agarsiisaaf mijaaaa waaee wantootaa moodeelota irraa barachuuf gargaaru. Hanqina Moodeelota argamuu dhabuu yookiin dhiyeessuuf rakkisaa tauu dandau. Hariiroo caasaa barannoo sirna tokkoo keessaa muraasa agarsiisuu baachuu dandaa.
Yeroo baay`ee odeeffannoo lakkoofsaan ibsuuf ni rakkisa.

Yaada: Fakkii 6.3 gaaddiddeessa addeessaa fi aduu ilaali.

6.1.1.2 Mala Barachuu Shanan E


Moodeelonni shanan E kutaalee shan qubee E maqaan eegalan irraa moggaafaman ofkeessaa qabu. Tooftaalee barachuu shanan jedhamuunis ni beekama. Kuutaaleen tokkoo tokkoo faayidaa gooree kan qabuu, barsiisonni barnoota qindaaaa akka dhiheessanii fi barattoonni hubannoo beekumsaa, ilaalchaa fi ogummaa fooyyaaaa mataduree murtaaaa irratti akka foormuleeffatan gahee qabaata. Marsaan gulantaa wixinee barannoo barachuu shanan E caasaa armaan gadii ofkeessatti hammatee jira. (fakkii 6.4). Walqabsiisa(Engage ykn Elicit)2.Quachuu(Explore)3.Ibsuu (Explain ykn Exchange) 4.Babal`isuu (Extend)5.Madaaluu (Evaluate)

Walqabsiisuu(Engage) – Gulantaa kana keessaatti barsiisaan beekumsa duraa barattootaa iyyaafachuu fi gochaalee gaggabaabaa kakaumsaa barattootaa yaadrimee haaraa barachuuf qaban jajjabeessuu dha.Barattoonni muuxannoowwan barnoota darbee fi ammaa walqabsiisu. Gaaffii gaafachuun, pirobleemii ibsuu, taiiwwan dinqisiifatamaa taan agarsiisuu fi haala gaaffii uumuun dhiyeessuun barattoota gocha keessa galchuun barannoo irratti akka xiyyeeffatan gochuudha. Qoachuu (Explore)–Gulantaa kana keessatti barattoonni taiiwwanii fi maateeriyaalota irratti kallattiin carraa hirmaachuu argatu. Barattoonni gochaalee laaboraatorii fixachuu, gaaffilee quachuu fi deebisuuf yaalu, dalagaa quannaa wixineessuu fi dalaguu. Barsiisaan akka haala mijeessaatti, meeshaalee dhiyeessuu, kallattii marii barattootaa qajeelchuu. Adeemsi afgaaffii barattootaa barannoo qoannaa geggeeffamu gara fuunduraatti furgaasa.

Ibsuu (Explain)– Gulantaa qabxii kanaa keessatti barattoonni qunnamtii afaanii geggeessuun muuxannoo yaadaa gabbifatanii dha.
Qunnamtiin cimdiiwwan, haala mijeessaa yookiin barattoota gidduutti uumamuu dandaa. Gareen hojjachuun barattoonni adeemsa daawwannaa gaggeessuu, buaa daawwannaa ibsuu, yaada waljijjiiruu, gaaffii fi maldhahii dhiheessuu keessatti waldeeggaraa baratu.
ogummaalee fi ilaalcha saayinsawaa gabbifachuu Gulantaan kun hubannoo yaad rimee, dagaagina ogummaa yookiin amala isaanii calaqqisuu isaanii keessatti hubannoo uumamuun amalawalgargaaru. Kana malees, barsiisonni yaad rimee yookiin dandeettii raawwii gochaalee yookiin ogummaan walbarsiisuuf carraa kenna. Ibsi barsiisaan kennamu barattoota gara hubannoo gadifageenyaa qaama buuura gulantaa kanaatti qajeelchuu dandaa.
Babalisuu(Elaborate) - Gulantaa kana keessatti baratan yaad rimee barate babalifachuuf, yaad rimeewwan kanaan walqabatan wajjin walqabsiisuu fi hubannoo isaanii addunyaa keessa jiraatan keessatti ittifayyadamu.
Barsiisonni hubannoo yaadiremeewwanii fi ogummaalee barattootaa iyyaafachuu fi babalisuuf itti tola. Muuxannoowwan haaraa keessatti barattoonni hubannoo, odeeffannoo dabalataa fi ogummaalee gahaa gadifageenyaa fi balaa dagaagfachuu fi babalifachuu dandau.

Madaaluu (Evaluate) – Gulantaankun barattoonni hubannoo fi dandeettii isaanii akka iyyaafatan fi barsiisonni fooyya`iinsa hubannoo fi beekumsa yaad rimeewwanii barattootaa iyyaafachuun galma gahiinsa kaayyoo barnootichaa murteessuuf carraa kenna.

Fakkii 6.4 5 Tooftaa barachuu moodeela E

Faayidaa,kb,
Barattootaaf carraawwan barachuu uumuu
Barattootaaf carraa gochaalee fiizikaalaa fi yaada sammuu uumuu,
Jijiirama yaad rime barsiisuuf bayee mijaaaadha.

Hanqina
Malli kun yeroo heddu fudhata.
Dirree irratti hundaa`a.
Barattoonni suuteyyiin ni rakkatu.

Comment: use the five phases described above and component and nature of solar system.

6.1.1.3 Agarsiisa
Waa`ee agarsiisaa boqonnaa tokkoo caqasuun gocha armaan gadii dalagi.

Yaada: Moodeelicha qopheessuuf gareen ta`uun dalagaaleefakkii 6.1 – 6.3 fayyadami.
Kutaa 6.2 Atmoosfaraa fi Haala Qilleensaa (1/2hr)

Seensa Boqonnaa
Atmoosferiin uwwisa yookiin baanaa gaasotaa pilaaneetii tokkoo marsee argamuu dha. Atmoosfariin lafaa gaasota hedduu lafa marsanii argaman ofkeessaa qabuu fi lubbuun lafa irra akka jiraatu xiyyaawwanii fi qaamolee hamaa taan lafa irraa ittisanii dha, Atmoosferiin lafaa osoo jiraatuu baatee lafti guyyaa guyyaa ifaa aduu hamaa fi halkan ammo cabbaaina dirra lafaa teempireechara daran xiqqaa taeen uumamuun rukutamuun bobeessi turte, Baqqaana balaa atmoosferii lafaa kana kan ijaaran keessaa gaasota lama qabiyyee guddaa qabaatu. Isaanis, Naayitirojiinii(78%), fi Oksijiinii (21%). Argonii, Kaarboondaayioksaayiidii fi gaasonni makaa xiqqaa taan parsantii hafee qabaatu.
Saayintistoonni teempireechara irratti hundaauun a tmoosferiin lafaa baqqaana afuritti qoodu. Isaanis: tirooppoosfeerii, Istiraatoosfeerii, meesoosfeerii,fi teermoosfeerii jedhamu. Hammuma dirra lafaa irraa tirooppoosfeerii keessa olfagaataa adeemamuun teempireecharri gadi buaa adeema. Garuu baqqaana itti aanu istiraatoosfeerii keessatti ammoo gadi bu`aa adeema. Hammuma lafa irraa fagaachaa adeemamuun qabiyyeen atmoosferiin haphachaa adeema.

Tirooppoosfeerii: Kun baqqaana atmoosferii dirra lafaatti aanee lafaa ol yabbina 10-15km fagaatee argamuu dha. Tirooppoosfeerii keessa yammuu ol bahamaa adeemamu teempireecharrii fi dhiibbaan gaasotaa hirataa deema. Haalli qilleensaa baayinaan tirooppoosferrii keessatti uumama. Meetiyooroojistoonni haala qilleensaa ibsuuf safara heddu akka teempireechara, jiidhina, fixeensa, dhiibbaa qilleensaa fi saffisa fi kallattii bubbee geggeessu.
call weather occurs in the troposphere. Meteorologists make many different measurements to describe weather, including temperature, humidity, precipitation, air pressure, and wind speed and direction.

Istiraatoosfeerii: Baqqaanni kun kallattiidhaan tirooppoosfeeritti aanee gara oliitti kan argamu fi yabbina 35km qabuu dha. Istiraatoosfeeriin baqqaana qaloo molokiyuulota oozoonii (atamoota sadi qabu) xiyyaa madanaa aduu hamaa altiraavaayoleetii lubbuu lafa gubbaa jiru irraa haguugee hambisuun ittisuu dha. Meesoosfeerii: Baqqaanni kun kallattiidhaan istiraatoosfeeriitti aanee argamu fi olfageenya 50 hanga 80 km kan babalatuudha.
Tirooppoosfeeriin: Baqqaanni kun lafaa ol fageenya 80 km hanga ispeesii alaatti babal`atuudha.

Atmoosferiin ammaa kun atmoosferii durii wajin yammuu madaalamu daran jijjiiramaa dhufeera. Kun kilaayimeetii jijjiireera. Jijjiramni kilaa kun hoo`insa giloobaalii uumeera

Yaada: Gataa yookiin balfaa induustirii, baqqaana oozoonii, madana altiraavaayoleetii, cabbii bantoo lafaa irraa fudhadhu.
6.2.1 Mala Dhiyeessaa Barnootaa (3hr)
6.2.1.1 Mala Barachuu rakkoo hiikuu iorratti hundaa’e.


Malli barachuu pirobleemii furuu ogummaa pirofeeshinaalaa barataan barnoota pirobleemota qabatamaa akka furuu xiinxala gadifageenyaa taasisuun baratuudha. Tooftaan kun ijaarsa barachuu beekumsaa fi ogummaa pirobleemii furuu kan buuureffatee barattoota dalagaa siaayinaa keessa galchuudha. Barattoonni pirobleemota caasaa deebii konkumaa jala hin sararamneen walquunnamu. Pirobleemonni kana fakkaatan haala addunyaa dhugaa kan calaqqisanii dha. Malli kun akka dalagaa addunyaa dhugaa fi naannoo akkeessuun fakkaatu qabaatutti caaseffama. pirobleemonni kun barachuu dhugaa addunyaa kanaa calaqqisanii fi jireenya fuulduraa keessattii quunnamuu dha. Barattoonni barnoota barsiisaa isaanii irraa argatan cinaatti hirmaannaa siaayinaa gochuun maddoota odeeffannoo akka dokumeentoota duraa, maateeriyaalota waraabbii, fi miseensota hawaasaa argachuun beekumsa barnoota garagaraa irraa argatan walsimsiisuun dandeettii isaaniitti dabalatu. Barachuun pirobleemii furuu irratti buuureffate kan jalqabu caaseffama pirobleemotaa barachuu handhuura gochuun geggeeffama.
Barnooticha bayinaan kan geggeeffamu garee xixiqqaa keessattii dha. Gaheen barsiisaa bayinaan haala mijeessaa fi barattoota gorsuu fi qajeelchuu dha. Haaluma walfakkaatuun gaheen barattootaa hedduminaan pirobleemota furuu, murtii kennuu fi ibsa kennaatti hirmaannaa si`aayinaa taasisuu dha.

Qajeelfama mala barachuu rakkoo furuu buuureffatee: Pirobleemiin jiraachuu isaa murteessi. Hima pirobleemichaa sirriitti ibsuu. Odeeffannoo pirobleemicha hubachuuf barbaachisu adda baasuu. Odeeffannoo walitti sassaabbachuuf maddaaota barbaachisan adda baasuu. Deebii pirobleemotaa tauu malan burqisiisuu.
Deebiisaa qaaccessuu fi
deebii afaaniin yookiin barreeffamaan
Cimina
Barattiinni waaee pirobleemota addunyaa dhugaa gadifageenyaan akka xiinxalan taasisa. Barattoonni maal akka beekanii fi beekuu barbaadan sakattauuf carraa kenna.
Barattoonni maddoota odeeffannoo argachuu fi itti fayyadamuu akka danda`an taasisa.
Barattoonni deebii pirobleemii irra gahuu fi ogummaa quunnamtii afaanii fooyyeffachuuf akka gamtaan hojjetan gargaara.
Dhimmota adda addaa tooftaa dalagaa jireenya dhugaa keessaa fakkaatuun hojjechhuuf gargaara
Barattoonni muuxannoo barachuu gadifageenyaa fi walxaxaa akka qabaatan taasisa.
Barattoonni ogummaa barnoota keessatti fayyadaman akka shaakalan taasisa.

Hanqina
Maloota biroo irraa yeroo daree keessaa caalaa fudhata.
Tooaannaa haala mijeessaa naannoo barnootaa irra xiqqaa taa.
Waliigaluu dhabuu fi walmormii miseensota garee gidduutti uuma.
Sadarkaa fi qabxii hirmaannaa kennuun ni rakkisa.

Yaada: Qajeelfama armaan olii fayyadamuun kaansarii, harama biyyoo, oongee, dhukkuba fi kkf. fayyadamuu daanda`u.

6.2.1.2 Mala Walfalmii


Malli walfalmii marii dhimma tokko kallattii lamaa qabxiin guutuutti walfaallessu irratti dhihaatuudha. Gareen lama mataduree tokko irratti walfalma. Gareen tokko dhimmicha deeggaruun falma, gareen biroo ammoo dhimmicha mormuun falma. Walfalmiii dura gareen yeroo muraasaaf qabxii falmii isaanii ibsatu. Kana booda garee bakka buuun kan falmatan namni lama yookiin sadi filatamuu qabu. Gareewwan booda dhimma falmii geggeessuuf walitti dhufu. Malli kun barattoonni hundi ogummaa walfalmii akka dagaagfatan, hubannoo yaadirimee dhimmichaa yookiin mataduree akka dabalatanii fi ilaalcha adda addaa keessatti obsa akka baratan taasisa. Akaakulee walfalmii afurtu jiru: Walfalmii rogoota afran –Barsiisaan gaaffii yookiin hima kaasuun rogoota afran daree keessatti “cimsee waliigalaa,” “waliigala,” “morma,” and “cimseen morma.” Yeroo muraasa booda barattoonni gara roga dhimma isaan deeggaranitti deemu. Waliin hojjechuun dhimma falmii issanii daran gaarii tae dhiyeeffatu. Gareewwan hunduu falmii cimaa tae garee biroo irratti dhiyeeffatu. Waliifalmii booda, barattoonni ilaalcha dhuunfaa isaanii jijjiirrachuu barbadaniif garee jijjiirachuu barbaadaniif carraan ni kennama. Walfalmii gahee taphachuu –Barattoonni haalota taatota adda addaa keessaa kan filataniif deeggarsa kennu. Walfalmii saafa-qurxummii (Fish bowl) –Kun teessoo roga geengoon kaauu dha. Teessuma gareewwan dhimmoota adda addaa deeggaran hedduuf teessoowwan hedduun gidduu geengichaa kaaamu. Falmii walgahii manaa- Gareen tokkoo tokkoo isaanii falmii baniinsaa taasisu. Barattoonni daree gareewwan hundaaf gaaffii dhiheessuuf carraa argatu. Barsiisaan geggeessaa taee barattoonni walfalmiif yeroo walqixa argachuu isaanii mirkaneessu.
Cimina
Barattoonni waliin akka hojjetan jajabeessa, ittigaafatamummaa daree keessa dabala.
Yaada xiinxallaa gadifageenyaa fi ogummaa dubbii afaanii cimsa.
Qophaainaa fi hirmaannaa barattootaa dabala. Carraa gosa barnoota barachuu fi barnootichatti fayyadamuu jaabeessa Hanqina Walfalmiin gara gar lameetti qajeela. Kunis,barattoonni dhimma tokko kallattii hundaan ilaaluu irra kallattii lama qofaan ilaaluu dandaa.
Walfalmiin barattoota injifachuu fi mooatamuu qofa irratti xiyyeefachuu dandaa.
Debates tend to focus students toward the question of winning or losing.

Yaada:Walfalmii kee qabxii lamaan gama tokkoon guddinaa fi gama biroon ammo jijjiirama qilleensaa irate taasisaa.
6.2.1.3 Mala wiilii Fiichar

Gommaan Fiicharii kan uumame bara 1971 Jeromee C. Gileeniidhaan ture.Gommaan fiicharii mala giraafiin jijjiirama yookiin guddina kallattii yookiin alkallattii fuul duratti dhufuu dandau ilaaluuf garggara. Kun mala caaseffama sammuu dhiluu taiiwwan, dhimmoota, tarsiimoo fuulduraa qindeessuun yaaduuf fayyaduu dha. Dabalataan, sababaa fib bu aa, dabareewwanii, dhimmootaa, pirobleemii yookiin taiiwwanii agarsiisuuf gargaara.
Adeemsa
Maqaa dabaree, pirobleemii, uumama yookiin tarsiismoo walakkaa waraqaatti barreessi.
Sababa fi buaa uumama, pirobleemii, dabaree, tarsiimoo ovaalii addaa addaa naannawaa oovaalii gidduu keessa handhuura wajin sarara tokkoon qabsiisuudha. Itti aansee buaawwan lammataa tarree ijoo irraa maddan wajjin sarara cimdiin walqabsiisuudha.
Taatee kana lakkoofsa sarara yookiin halluun dabalaa aamma fakkii hiika qabeessa uumama, taii, dabaree yookiin tarsiimoo itti fufuun ifa tautti.

Cimina
Hirmaannaa barattootaa sadarkaa dhuunfaa yookiin dareetti akka jiraatu taasisa.
It allows for student participation whether at group or class discussion level.
Barannichi saffisaan gara fuulduraa adeemuun fi guddinaan xiyyeeffannaa barattootaa harkisa.
Buaa arguu cimaa fi hubannaa yaad rimeewwanii olkaasuuf gargaara. Pirobleemota uumamaa cimoo taan fakkiin agarsiisa.
Ogummaa xiinxallaa gadifageenyaa dagaagfachuu fi barachuu sadarkaa bu`a qabeessaatti ceesisuuf fayyada.

Hanqina
mala kana fayyadamuun dura barattoonni beekumsa dhimmicha irate qabaachuu qabu.

Fakkii.6.5WiiliiFiicharii

Yaada: Fakkii 6.5gargaaramuun gommaa fiicharii fi kan gataa yookiin balfaa indaastirii, bosona ciruu, baqqaana oozoonii, baqqaana, xiyyaa altiraa vaayoleetii, cabbii bantiirraa, kaansarii fi kkf irate ijaari.
Kutaa 6.3 Saatalaayitii (1/2hr)

Seensa
Saatalaayitiin qaama daandii geengawaa yookiin illiptikaalaa irraa pilaaneetii tokko naanna`anii dha.Akaakuuleen lamaan saatalaayitootaa saatalaayitoota uumamaa fi saatalaayitoota nam tolchee jedhamu.Addeessi saatalaayitii uumamaa ti. Saatalaayitoonni artifishaalii isaan nam tolchee lafaaf daran barbaachisanii dha. Isaan malee yuniversiin maal akka fakkattu beekuun hin dandeenyu. Gosoota saatalaayitoota nama tolchee jahatu jiru. Isaanis, Saayitoota qunnamtii, qabeenyaa, geejjibaa, militarii, qorannoo saayinsii fi haala qilleensaa ti.

Saatalaayitii Quunnamtii: Uummata addunyaa walquunnamsiisuuf gargaara.
Saayitii qabeenyaa:Qabeenya uumamaa fakkii fudhachuu qoachuu fi hordofuuf saayintistoota gargaara. Saatalaayitoota geejjibaa:Sochiile xiyaaraa samii keessaa fi doonii galaana gubbaatti taasifamuuf eessa akka jiranii fi garamitti akka qajeelan beekuuf gargaaru. kallattii Paayileetotaa fi help Pilots and sailors to know where they are and where they are Saatalaayiti militarii:Loltoota hidhatan galaana irra akka sochoan, walquunnaman, wal basaasan garaggara.
Saatalaayitoota Qorannoo:Lafaa fi ispeesii alaa qu`achuuf gargaara.

Saatalaayitoota Haala qilleensaa:Gosoota haala qilleensaa qorachuuf saayintistoota fayyada.e haala help scientists to study different types of weather patterns.

Yaada:Interneetii fayyadamuun yookiin kitaaba laayibirariitti argamu irraa odeeffannoo waa`ee teeleeskooppii Hublii barbaadi.
6.3.1 Mala barsiisuu (1hr)
6.3.1.1 Od Ibsa Agarsiisaa Hirmaachisaa


Od ibsi agarsiisaa hirmaachisaan mala gocha ofeeggannoon wixineeffame, yeroo od ibsaa foormaataa durii adeeffamee jiruun ittiin walbarssiifamuu dha.
Gochi kun yaad rimee hubannoo duraa barattoonni qabaniin waan walargatuuf, od ibsicha duraa duubaan hordofuuf qophii tau. Gochaaleen kun yaalii daree keessaa, moodeela, xiinxallaa danaa llammaffaa tauu dandaa. Od ibsi agarsiisa hirmaachisaa gulantaalee sadii kan keessatti barattoonni: Eegan (Predict) – Barattoonni erga barsiisaan pirobleemicha ibsee yookiin ittiaagarsiisee booda waaee buaa isaa dhuunfaan ni yaadu, booda cimdiin wanta eegan ni ibsu. Gulantaa kanatti barattoonni hubannoo isaanii ni ibsu, yoo barbaadan deebii isaanii ni jijjiiru. Barsiisaan deebii isaanii sirrii tauu fi dhabuu osoo hin mirkaneeffatin ni galmeessa.
Muuxannoo (Experience – Barattoonni agarsiisa irraa ni baratu. Agarsiifni xiinxallaa, akkeessas, danaa maddaa lammaffaa irraa qaaccessuu yookiin gocha mana yaalii tauu ni dandaa. Agarsiifni barsiisaan barattoota fuulduratti geggeessuun yookiin barattoonni garee xiqqaan dalaguu ni dandau.
Calaqqee(Reflect) – Agarsiisa booda, barattoonni firii argame ni galmeessuun ni gabaasu. maal akka eeganii fi firii agarsiisa keessaa argatan adda baasu. Barattoonni maal akka baratan ni ni yaadu, beekumsa isaanii duraa waliin walbira qabuun yaadu, beekumsa isaanii keessaatti maaltu akka jijjiirame ni yaadu. Yaad rimicha gadifageenyaan akka hubatan, barattoonni haalota garagaraa keessatti ni shaakalu.
Qoannoon akka agarsiisetti barattoonni maateeriyaalii barumsa isaanii hubannoo guddaa kan argatan od ibsi agarsiisa siaawaan yoo walqabate ta` mirkaneesseera.

Cimina
Si`aayinaan yaaduu barattootaa kakaasa.
Marii cimdii cimsa.
jajjabeessu Promote active thinking over passive absorption.
Duub deebii raawwii barattootaa barsiisaaf addeessa.

Hanqina
Mata duree tokkoof yeroo dheeraa fudhachuu dandaa. Adeemsa keessatti rakkoon teeknikaa uumamuu dandaa.

Yaada: Gareen mata duree qoqqooddachuun dabaree dabareen barsiisuu dandeessu.
6.3.1.2 Mala Moodeela Bu`uureffate
Kutaa armaan olii gargaaramuun gocha armaan gadii dalagi.

Comment: go to near by radio, television, telephone, military station or check your pedagogical center to find the model.

Cuunfa Boqonnaa

Lafti pilaaneetoota sirna aduu lubbuun irra jiraatuudha. Lafti boca obileet isfeerooyidii killee fakkati qabduudha. Baqqaanota sadi kirastii, maantilii fi koori qabdi. Sirni aduu pilaaneetoota hundaa fi qaamolee biroo aduu naannaan kan ofkeessatti hammateedha. Lafti siiqqee isheerr marsaa, aduu naannofti. Marsuun siiqqee isheerraa halkaniii fi guyyaan akka uumamu yammuu taasisu, aduu naannauun lafaa ammoo waqtiilee fi naannawa haala qilleensaa adda addaa akka uumamu taasisa. Addeessi lafa naannawa yeroo tokko tokko gidduu lafaa fi aduu ooluun gaaddiddeessa soolaarii fi yeroo biroo ammo gaaddiddeessuu addeessaatu uumama.
Atmoosferiin uwwisa yookiin baanaa gaasotaa pilaaneetii tokkoo marsee argamuu dha. Atmoosfariin lafaa gaasota hedduu lafa marsanii argaman ofkeessaa qabuu fi lubbuun lafa irra akka jiraatu taasisniin marfamee argama.
Atmoosferiin lafaa osoo jiraatuu baatee lafti guyyaa guyyaa ifaa aduu hamaa fi halkan ammo cabbaaina dirra lafaa teempireechara daran xiqqaa taeen uumamuun rukutamuun bobeessi turte, Saayintistoonni teempireechara irratti hundaauun a tmoosferiin lafaa baqqaana afuritti qoodu. Isaanis: tirooppoosfeerii, Istiraatoosfeerii, meesoosfeerii, fi teermoosfeerii jedhamu. Teempireecharri dirralafaa sababa kuufama gaasii mana magariisaa warshaalee fi gochaalee ilma namaan taasifamuu dabala jira. Haalli kun hooinsa giloobaalii uuma.
Saatalaayitiin qaama daandii geengawaa yookiin illiptikaalaa irraa pilaaneetii tokko naannaanii dha.Akaakuuleen lamaan saatalaayitootaa saatalaayitoota uumamaa fi saatalaayitoota nam tolchee jedhamu.Addeessi saatalaayitii uumamaa ti. Saatalaayitoonni artifishaalii isaan nam tolchee lafaaf daran barbaachisanii dha. Isaan malee yuniversiin maal akka fakkattu beekuun hin dandeenyu. Gosoota saatalaayitoota nama tolchee jahatu jiru. Isaanis, Saayitoota qunnamtii, qabeenyaa, geejjibaa, militarii, qorannoo saayinsii fi haala qilleensaa ti. Yaad rimeewwan saayinsii walsimataa barsiisuuf maloota barsiisuu siaayinaa adda addaa fayyadamuun ni dandaama. Boqonnaan kun mala moodeela buuureffate, mala barachuu shaman 5E, mala pirobleemii furuu, mala walfalmii,mala gommaa fiicharii fi mala od ibsa agarsiisa hirmaachisaan filatamee shaakalli adda addaa keessatti geggeeffameera.
Malli barachuu pirobleemii furuu ogummaa pirofeeshinaalaa barataan barnoota pirobleemota qabatamaa akka furuu xiinxala gadifageenyaa taasisuun baratuudha. Tooftaan kun ijaarsa barachuu beekumsaa fi ogummaa pirobleemii furuu kan buuureffatee barattoota dalagaa siaayinaa keessa galchuudha
Malli walfalmii marii dhimma tokko kallattii lamaa qabxiin guutuutti walfaallessu irratti dhihaatuudha. Gareen lama mataduree tokko irratti walfalma. Gareen tokko dhimmicha deeggaruun falma,
Malli gommaa fiicharii mala giraafiin jijjiirama yookiin guddina kallattii yookiin alkallattii fuul duratti dhufuu dandau ilaaluuf garggara. Kun mala caaseffama sammuu dhiluu taiiwwan, dhimmoota, tarsiimoo fuulduraa qindeessuun yaaduuf fayyaduu dha. Dabalataan, sababaa fib buaa, dabareewwanii, dhimmootaa, pirobleemii yookiin taiiwwanii agarsiisuuf gargaaruudha.
Cheek liisti
Kabajamoo barattootaa, Mallattoo (✓) fuuldura hima gabatee keessatti gochicha dandauu kee mirkaneessi. Kana yoo tauu baate matadurichatti deebiuun irra deebiii mariadhu Ni dandaa: Yes No
Lafaa fi sirna aduu ibsuu
Atmoosferii fi haala qilleensaa addeessuu
Saatalaayitii ibsuu
Maloota moodeela bu`uureffate, mala barachuu shaman 5E, mala pirobleemii furuu, mala walfalmii,mala gommaa fiicharii fi mala od ibsa agarsiisa hirmaachisaan ibsuu.

Maloota moodeela bu`uureffate, mala barachuu shaman 5E, mala pirobleemii furuu, mala walfalmii,mala gommaa fiicharii fi mala od ibsa agarsiisa hirmaachisaan fayyadamuu.

Moodeelotaa fi meeshaalee barnootaa biroo qopheessuu
Qabxiilee ijoo boqonnichaa guduunfuu
Maloota/ Tooftaalee Dhiyeessa boqonnaa
Agarsiisaa, marii garee xixiqqaa, mala moodeela buuureffate, mala pirobleemii furuu buuureffate, mala walfalmii fi od ibsa hirmaachisa.
Gochaalee barattootaa fi haala Mijeessaa adeemsa baruu barsiisuu keessaa

Gochaalee Barataa
Kutaalee barnootichaa hordofuu.
Ibsa fi marii garee keesstti si`aayinaan hirmaachuu
Gochaalee, hojiilee manaa, abbaltiiwwan dhuunfaa fi garee keessatti hirmaachuu
Mala barachuu maayikiroo fayyadamuu,

Gochaalee Haala mijeessaa
Gochaalee fi maateeriyaalota qopheessuu fi qooduu
Preparing and distributing materials and tasks.
Yeroo dalagaalee abbaltii, pirojeektii gargaaruu
Marii gareef haala mijeessuu
Dalagaalee barattootaa irate yaada ijaarsaa kennuu,
Gargaaruu fi duub deebii kennuu
Tarsiimoowwanii fi Tooftaalee Iyyaafannaa Boqonnichaa
Abbaltii fi ibsa dhuunfaa fi garee
Hirmaannaa marii daree fi hojii garee keessatt
Hojii pirojeektii
barsiisa maayikiroo
Battallee fi qoumsa
Maddoota Meeshaalee Barnootaa

Meeshaaleen barnootaa LCD, overhead pirojeektara ovar heed, laaptooppii, kitaabbilee baratt saayinsii walsimataa kutaa 5 – 6, qajeelcha barsiisaa, maarkarii, filiipchaartii, diyaagiraamota,chaartiiwwan, poostaroota, moodeelota, meeshaalee laaboraatorii, kiitiiwwan saayinsii, meeshaalee naannoo irraa fooyya`uun tolfamanii dha.
Kitaabilee Wabii Boqonnaa
Ajaja, O. P. (2013). Which strategy best suits biology teaching? Lecturing, concept mapping, cooperative learning or learning cycle? Electronic Journal of Science Education Vol. 17, No. 1
Brinkley K. (2011).Teaching Through Problem-Based Learning. Tennessee Teaching and Learning Center.
Bybee W. R. (2009). The BSCS 5e instructional model and 21st century skills. A commissioned paper prepared for a workshop on exploringthe intersection of science education and the development of 21st century skills.
Emergent Futures (2009). Consequence wheels/futures wheels.www.emergentfutures.com
Hall, D. (2011). Debate: Innovative teaching to inhance critical thinking and communication skills. An internete journal of Allied science and practice. Vol.9(3)
Mitchell E. (2009). Earth introduction. USA.www.solarviews.com/eng/index.htm.
Ornek, F. (2008) Models in Science Education: Applications of Models in Learning and Teaching Science. International Journal of Environmental and Science Education, 3 (2), 35 – 45.Turkey
Pidwirny, M. (2006). “Structure of the Earth”. Fundamentals of Physical Geography, 2nd Edition.http://www.physicalgeography.net/fundamentals/10h.html
Zimrot, R. and Ashkenazi, G, (2007). Interactive lecture demonstrations: a tool for exploring and enhancing conceptual change. Chemistry Education Research and Practice, 2007, 8 (2), 197-211

Guduunfaa Moojulii

Jaalatamtoota leenjifamtoota! Beekumsa qabiyyee barnoota saayinsii wali simaataa fi malleen baruu- barsiisuu hammayyaawaa saayinsii wal simataa irratti wantoota hedduu hubattanii jjirtu. Hunda caalaa akka barataatti haala uumama addunyaa kanaa irratti qixa sirrii ta’een (haala dogogora ta’een) hubachuu fi maleen baruu-barsiisuu yaada rime barattoonni dogogoran sirreessuuf gargaaran hubattaniit jirtu.
Akka walii galaatti xiyyeeffannon moojulii kanaa, saayinsii wali simataan barattoota sadarkaa tokkoffa keessa jiran akkamitti akka barsiifamudha. Kanaafuu, akka walii galaatti odeeffannoo bu’uuraa waa’ee qabiyyee barnootaa irratti erga walitti qabatee booda, malleen si’aayinaan barachuu adda addaa moojulii keessatti ibsaman wajjin wal bartan jennee abdanna. Malleen si’aayinaan barachuu kunniinis, yaad-maddisiisuu, mala argannoo, marii garee xixiqqoo, yaalii od-ibsa agarsiisaa, gahee taphachuu, mala si’aayanii ta’uu, fi keessa deebii, cimdiin yaaduu- yaada waljijjiiruu, mala saayinsaawaa, anaalojii, jiksoo, mala maayikiroon barsiisuu, qo’annoo waa’ee dhuunfaa(case study) mala moodeelii irratti hundaa’uu, mala rakkoo irratti hundaa’e, mala barachuu 5E f.falmii, wiiliinii gara fuula duraa, fi od-ibsaa, od-ibsa agarsiisaa, wajjin walqabsiisuu dha. Malleen si’aayinaan barachuu kunniinis gochaalee mata dureewwan murtaawaa koorsii saayinsii wal simataa ykn hubannoo walii gala ykn sileebesii kutaa 5 fi 6 keessa jiran kan hammatudha. Inni kun akka malleen si’aayinaan barachuu kanneen yommuu saayinsii wal simataa barsiisuuf haala hojiirra olchitan isi gargaara.

Tarsiimoo Iyyaafannoo Moojulii akka Walii galaatti
Mala maayikiroon barsiisuu ————— 30%
Hojii dhuunfaa _______ 20%
Hojii garee __________ 20%
Qormaata xumuraa ———————— 30%
Barbaachisummaa moojulii
Haala gaarii ta’een koorsii kana xumuruuf leenjifatoonni daree barnootaatti argamuu fi gochaalee, hojii manaa, abbaltii fi qabxii barbaachisoo isa gadi aanaa ta’e galmeessuun dirqama ta’a

Kitaabilee wabii Moojulii
Aggrawal J.E. (1997), Development and planning of modern education (6th edn) New Delhi-, Vikas publishing House Put.Ltd.
Ajaja, O. P. (2013). Which strategy best suits biology teaching? Lecturing, concept mapping, cooperative learning or learning cycle? Electronic Journal of Science Education Vol. 17( 1).
Baird, J. (1992) ‘Collaborative reflection, systematic enquiry, better teaching’, in Russell, R. and Munby, H. (eds) Teachers and Teaching: From Classroom to Reflection,London: Falmer.
Bloom Field B.S. and Associates (1996). Taxonomy of objectives Cognitive Domain, New York.
Brinkley K. (2011).Teaching Through Problem-Based Learning. Tennessee Teaching and Learning Center.
Bruton and Guttman (1999). BiologyMcGraw-Hill. New York.
Falk, J. and J. Balling. (1980).The school field trip: Where you go makes a difference. Science and Children, 6-8.
Gary D.Borich (1996). Effetive Teaching methods (4th edn) New Jessey, Prentice – Hall. Inc
Glenn and Toole, S. (1995). Understanding biology for advanced level. 3rd ed. Stanley Thornes Ltd. Italy.
Glynn, S. M. (2008). Making science concepts meaningful to students: Teaching with analogies. In: S. Mikelskis-Seifert, U. Ringelband, and M. Brückmann (Eds.), Four decades of research in science education, pp. 113-125. Germany.
Glynn, S. M. and Takahashi,T.(1998).Learning from Analogy-Enhanced Science Textvol. 35(10). PP. 1129–1149, Athens.
Hall, D. (2011). Debate: Innovative teaching to inhance critical thinking and communication skills. An internete journal of Allied science and practice. Vol. 9(3).
Knapp, D. (2000). Memorable experiences of a science field trip. School Science and athematics, 11(2),pp. 65-71.
Lom, B. (2012). Classroom Activities: Simple Strategies to Incorporate Student-Centered Activities within Undergraduate Science Lectures.The Journal of Undergraduate Neuroscience Education. Vol. 11(1).
Mitchell E. (2009). Earth introduction. USA.www.solarviews.com/eng/index.htm.
Orion, N. (1993). A model for the development and implementation of field trips as an integral part of the science curriculum. School Science and Mathematics, 93(6), 325-331.
Ornek, F. (2008) Models in Science Education: Applications of Models in Learning and Teaching Science. International Journal of Environmental and Science Education, 3 (2), pp. 35 – 45.Turkey.
Paris, N. A. and GlynnS. M.(2004). Elaborate analogies in science text: Tools for enhancing preservice teachers’ knowledge and attitudes.Contemporary Educational Psychology29, 230–247,Athens.
Raven, Peter H. and George B. Johnson (2002). Biology.(6th ed.), McGraw-Hill Companies.
http://www.teach-nology.com/currenttrends/inquiry/
http://www.thirteen.org/endonline/concept2class/inquiry/index.html
http://www.arca53.dsl.pipex.com. /index_files/propair.htm‎ properties of air.
www.informationgateway.org using round table discussion to teach thinking skills
www.roundmgroup.com round table learning
http://www.pstt.org.uk. /ext/cpd/dramatic-science/hot-seating.html‎
http://www.preservearticles.com. laboratory method in teaching science
http://www.kean.edu. ~fosborne/resources/ex8c.htm‎.Proprties of air.
http://www.buzzle.com. Air pressure experiments
http://www.worksheetlibrary.com/teachingtips/inquirybasedlearningtips.html

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.