Survey of Physical Geography – GeEs 201

BOQONNAA TOKKO

SEENSA JI’OGRAAFII FIIZIKAALAA

1.1. Hiika Jii’ograafii fi Ji’oograafii Fiizikaalaa

    Kayyoo Gooree:

Barattoonni barumsa kana booda:

  • Hiika jii’ograafii isa maddaa fi isa hojii ni tarreessu.

Akka hiika maddaatti jechi ji’oograafii jedhu jecha biyyaa Giriikii “Ji’oo” fi “Giraafiyaa” jedhu irraa ijaarame. Ji’oo” jechuun lafa yoo ta’u “giraafiyaa jechuun ammoo barreessuu yookiin ibsuu dha. Kanaaf ji’oograafii jechuun waa’ee lafaa barreessuu jechuu dha.

Namoonni tokko tokkoo akka hiikanitti ammoo ji’oograafii jechuun:

  • Kaataaloogii maqaa iddoo hundaa ittiin beekanii dha.
  • Kaartaa kaasuu dha.

Akka namoota kanaatti, barattoonni fi barsiisaan ji’oograafii baay’ina uummataa, maqaa fi argama iddoowwan hundaa, fuula lafaaraa jiran akka himan baraadu.

Kun ta’uu ni danda’a jettanii ni yaadduu?

Maqaa fi argama iddoowwan ollaa keessaa hoo? Addunyaa keessaa hoo?

Kanarraa hubachuun kan danda’amu, maqaa iddoo hunda beekuun hin danda’amu. Kanaafis sababoota baay’ee kaasuun ni danda’ama.

Isaanis;

  1. Maqaan iddoo ykn biyyaa jijjiiramuu ni danda’a.

FKf   * Misir                   Gibxi

         * Aayivariikosti            Kotiidivowaar

         * Walisoo                  Giyoon

  • Biyyi ykn iddoon tokko maqaa tokkoo ol qabaachuu ni danda’a.

           Fkf   * Finfinnee, Addis Ababaa, Shaggar.

  • Biyyi ykn iddoon lamaa fi isaa ol maqaa tokkoon waamamuu ni danda’u. Fkf 
    • Konbolcha (Harargee)
    • Kombolcha (Walloo)

Karaa biraatiin, ji’oograafiin ogummaa waa’ee kaartaa kaasuu osoo hin taanee, barattoota odeeffannoo mul’inaan ykn kaartaan dhiyaate ykn ibsame tokko akkaataa itti dubbisan horachiisuu dha.

Kaartaa kaasuun ga’ee fi ogummaa kaartograafarootaa ti.

Maqaa fi argama iddoo hundaa kan qo’atuu fi kaartaa kan kaasu erga hin taanee ji’ograafiin hiika adda addaa haa qaabaatuu malee kanneen armaan gadii hiika walii galtee hundaati.

  • Ji’oografiin barnoota waa’ee uumamaa, dhala namaa fi walitti dhufeenya dhala namaa fi uumamaa qo’atuu dha.

Kana jechuun:

  1. Qabeenya Uumamaa:Argama, faca’insa, itti fayyadama wantootaa, garaa garummaa isaanii, walittidhufeenyaa fi kkf.

-Ji’oograafii fiizikaalaa kanneen akka Ji’oograafii teessuma lafaa kana fa’atu qo’ata.

  • Dhala namaa
    • Aadaa, sochiilee,Sadarkaa jireenyaa, faca’insa, walittidhufeenya, garaagarummaa dagaaginaa fi kkf
    • Walitti dhufeenya  uumamaa fi dhala namaa :-
      • Dhiibbaa uumamni dhala namaarratti qabu.
      • Dhiibbaa dhali namaa uumamarratti qabu
      • Dhiibbaa dhalli namaa namarratti fi uumamni uumamarratti qabu jechuu dha.

   Gabaabomatti jii’ograafiin saayinsii, faca’iinsa, walitti dhufeenya, firooma, jijjiiramaa fi tokko tokkoon jiraachuu ta’eewwan fuula lafaa fi naannoo lafaatti argaman qo’ata. Kanamalees akkaataa ta’eewwan kunniin jireenya namaa irratti dhiibbaa fidanii fi jireenya namaa fooyyeessuuf barbaachisan hunda isaani qo’ata.

1.2. Faayidaa Ji’oograafii fiizikaalaa

Kaayyoo Gooree

Barattoonii barumsa kana booda:

  • Faayidaa barnoota ji’oograafii/ji’oograafii fiizikaalaa ni ajaa’ibsiifatu.

Ji’oograafiin akka gosa barnootaa tokkootti faayidaa heddu qaba.

 Kanneen keessaa muuraasni:

  • Dhiibbaa naannoon uumamaa dhala namaa irraan ga’u beekanii fala itti barbaaduuf
  • Dhiibbaa dhalli namaa naannoo uumamaa irraan ga’u beekanii akka dhalootni itti aanu hin miidhamnetti qabeenyaa jirutti qusannoo itti fayyadamuu.
  • Naannoo uumamaa kunoonsuu fi eeguu.
  • Faca’iinsa wantootaa beekanii itti fayyadamuu fi kkf ta’a.
  • Saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaa gidduutti akka riqichaatti tajaajila.

    1.3. Dameewwan Ji’oograafii

Kaayyoo Gooree

Barattoonni Barnoota kana booda:

  • Dameewwan ji’oograafii ni himu.
  • Dameewwan kana irratti hundaa’uun bal’ina saayinsiin kun qabu ni dinqisiifatu.

Barnootni ji’oograafii wantoota fuula lafaa fi naannoo lafaatti argaman hunda qo’achuu isaa irraa kanka’e baay’ee bal’aadha. Haata’uu malee hubannoof akka tolutti dameewwan gurguddoo lamatti ni qoodama.

Isaanis:

  1. Ji’oograafii fiizikaalaa –Wantoota uumamaan irra lafaa fi naannoo lafaatti argaman kan akka teessuma lafaa, humnoota fuula lafaa jijjiiran, wantoota uumamaan lafarra faca’anii argaman, fi qilleensa naannoo lafaa qo’ata.
  2. Ji’oograafii Hawaasaa _ Hariiroo namni fedhii isaa guuttachuuf jecha naannoo uumamaa fi namoota biroo wajjin taasisu irratti xiyyeeffata.

Ji’oograafii Fiizikaalaa

Ji’oograafiin Fizikaalaa kan qo’atu naannoolee fiizikaalaa lafaa, haalawwan umamaa fib adeemsawwan fuula lafa irraa xabiyyoota bakkawwanii fi jijjiirama yeroon dhufu dha. Ji’oograafiin fiizikaalaa kan agarsiisu walitti dhufeenya wantoota lubbu-qabeeyyii fib maleeyyii ti. Humnoota keessa lafaatti umamuun irra lafaa jijjiiran irrattis ni xiyyeeffata.

Ji’oograafiin Fiizikaalaa deebi’ee dameewwan qo’annoo kan birootti ni qoodama. Isaan armaan gadii dameewwan gurguddoo Ji’oograafii fiizikaalaa ti. Isaanis:

  1. Ji’oograafii Teessuma lafaa (Geomorphology/ Land form Geography)
  2.  Ji’oograafii Qilleensa baramaa (Climatology)
  3.  Baayooji’oograafii (Biogeography)
  4.   Ji’oograafii Biyyee (Soil Geography/pedogeography)

I. Ji’oograafii Teessuma Lafaa (Geomorphology)

Maddaa fi faca’iinsa teessuma lafaa fi humnoota irra teessuma lafaa kanneen jijjiiran qo’ata.Humnoonni kanneen akka voolkaaniizimii, hoollannaa lafaa, babbaqaqiinsa lafaa, daddacha’iinsa lafaa, harama, kuufama fi kkf dame qo’annoo Ji’oograafii fiizikaalaa kanaan qo’atama.

II. Ji’oograafii Qilleensa baramaa (Climatology)

Amalootaa fib elemeentoota qilleensa baramaa kanneen akka teempireecharaa, piriisipiteeshinii, bubbee, dhiibbaa qilleensaa fib kkf fuula lafaa irratti xiinxala.Fakteeroota faca’iinsa elemeentoota qilleensa baramaa fib jijjiiramaa fi adeemsa jijjiirama isaaniis ni qo’ata.

III. Baayooji’oograafii

Fuula lafaa irratti bakkawwan faca’iinsa biqilootaa fib bineeldootaa qo’ata. Dameewwan xixxiqoo lamatti deebi’ee qoodamuu ni danda’a.

Isaanis;

a.  Faaytooji’oograafii (Phytogeography)-Faca’iinsa guddina biqilootaa qilleensa baramaa, biyyee fib sochiilee dhala namaan walqabsiisuun qo’ata.

b. Zuuji’oograafii (Zoogeography)-Fuula lafaa irratti faca’iinsaa fi qindoomina bakkawwan bineeldotaa qo’ata.

IV. Ji’oograafii biyyee

Faca’iinsa gosaawwan biyyee addunyaa maraa qo’ata.Gosawwan biyyee garagaraa akkaataa isaan gosaa fib hanga oomishaalee bakka tokkootti omishamanii irratti dhiibbaa geessisan qo’ata. Faakteeroota biyyeerraan dhiibbaa geessisan fib akkaataa itti kunuunfamaniis ni xiinxala.

  1. Seenaa Guddina Ji’oograafii/Ji’oograafii fiizikaalaa

Kaayyoo Gooree

Barattoonni barumsa kana booda;

  • Guddina ji’oograafiif bu’aa Giriikonni fi Roomaanonni durii buusan ni ibsu.
  • Namoota guddina ji’oograafiif bu’aa guddaa buusan ni tarreessu.
  • Bu’aa Araboonni guddina ji’oograafiif buusan ni himu.
  • Yeroo yerootti fooyya’iinsa ji’oograafii guddina isaa keessatti agarsiisaa dhufe ni raajeffatu.
  • Haayyoolee ji’oograafii kan durii fi kan ammayyaa addaan baasanii ibsu.

Dhalootaa fi guddina ji’oograafii yeroo ilaallu qo’annoof akka tolutti bakka afuriitti qoodamee argama.

1.4.1 Bara Durii

Umuriin ji’oograafii argama dhala namaatiin wal-qixa jechuun ni danda’ama. Kanaafis ilmaani namaa jireenyaaf jecha iddoo ija mukaa, baalli mukaa, holqaa fi qodaa barbaachaaf jecha naannoo isaa adda baafachaa tureera. Haata’uu malee haalli isaan naannoo isaanii itti hubatan qinda’aa hin ture. Kana jechuun kan itti yaadame miti jechuu dha.

1.4.2. Ji’oograafii Bara Kilaasikaalii

Jechi ji’oograafii jedhu hayyoolee Giriikii irraa naannoo galaana mediteeraaniyaatii akka madde hubatameera. Hayyoolee Giriikii fi Roomaa bara kilaasikaalii keessaa beekamoon kanneen armaan gadiiti.

1.4.3 Ji’oograafii Bara giddugaleessaa

Barri kun bara saayinsii fi teekinooloojiin kufee turee dha. Sababni isaa seeraa fi ilaalchi amantii Kiristaanaa hayyoota qo’annoo haaraa amantiin walfaallessu dhiyyeessan irratti dhiibbaa guddaa gochaa ture. Gochii kun ammoo hamilee hayyootaa laaffiseera. Kana irraa kan ka’e bara kana keessa barreeffamni, saayinsiin, waan haaraa barbaaduun, iddoodhaa

iddootti socho’uu, akkasumas waa yaaduu fi xiinxaluun liqimfamuu amantii /religeous cosmography/ n bakka bu’e. kanumaf barri kun Awurooppaa keessatti “bara dukkanaa” /dark age/ykn”bara galagaltoo”/period of turmoil/jedhamee beekama.

Haata’u malee jaarraa 11ffaa fi 12ffaa keessaa beekumsii gi’oograafii ji’oograaferoota Arabaatiin keessa deebi’amee guddateera. Keessumatti gama herregaa, ji’oograafii fiizikaalaa fi naannoo tiin gumaacha guddaa godhaniiru. Kana keessaa;

  1. Al-Baalaakhii- imaltoota Arabaa irraa odeeffannoo funaanuun Atilaasii qilleensa baramaa     

      Addunyaa isa jalqabaa “Kitaabuul Ashkaal” jedhamu qopheesseera.

  • Al-Maasuudi- Monisuunii Indiyaa gaarii godhee ibseera.
  • Al-Maqiisi – Addunyaa qilleensa baramaa dagalee qofaan osoo hin ta’in gadee dhaabuu akka ta’e ibseera. Irra caalaan heemisfera kibbaa bishaaniin, kan kaabaa ammoo dhacheen kan uwwifame ta’uu ibseera.
T.LMaqaaBiyya isaaniiBaraGumachaa isaan godhan
1TaalasGiriikDh.K.D 640-546Yeroo duraatiif argama bakkeewwanii fuula lafaa irratti safaruu nama jalqabe dha. Kaartaa lafaa Giriikii kaaseera.
2HerodootasGiriikDh.K.D 484-425Giriik irraa ka’ee gara kaabaatti hanga laga Dinaappiritti, gara bahaatti hanga Peershiyaatti, gara kibbaatti hanga biyya misiraatti, deemuun waa’ee uummataa fi aadaa isaa, teesuma lafaafi wantoota uumamaa arge ibsuun kitaabota heddu barreeseera. Kaartaa lafa Giriik kaaseera.
3AristootilGiriikDh.K.D 384-322Yeroo duraaf lafti korboo ta’uu ishee mirkaneesse. Lafa godinaalee qilleensa baramaa shanitti –godina o’aa tokko, o’aa jiddugaleessa lamaa fi godinaalee olii dilalla’aa lamatti qoodeera. Bakkeewwan seena qabeeyyii ta’an si’a duraatiif ibseera.
4EraatoosteennzeGiriik276-196Lafti marfamtuu ta’uu ishee mirkaneeseera Dheerina marsaa lafaa Kiilomeetira 38,616 hanga 45052tti tilmaameera. Dheerinni marsaa lafaa kan har’a kiilomeetra 40,000 jedhu achi keessatti waan hammatameef tilmaamni kun sirrii dha.
5HippaarkasGiriikDh.K.D Naannoo 140Lafti digrii 360 qabaachuu ishee ibseera. Fuula lafaa dagalee fi gadee walirraa fageenya wal fakkaataa ta’anitti hireera. Meeshaa astrooloob jedhamu kan kofa caralla biiftuu safaruuf fayyadu hojjeteera. Yeroo duraatiif projekshenii kaartaatti fayyadamee lafa korboo taate waraqaa diriiraa irratti kaasuu yaaleera.
6IstiraabooGiriikDh.K.D. 22-Dh.K.B64Beekumsa ji’oograafii walitti qabachuun kitaabolee 17 barreessera.
7ToolamiiRoomanDh.K.B 127-160Yeroo duraaf sararran dagalee paralallii, sararran gadee ammoo meeriidiyaanii jedhee moggaase. Dagalee fi gadeetti fayyadamuun argama bakkeewwan 8,000 galmeessee kaa’eera. Kaartaa addunyaa fooyyessee qopheesseera. Si’a duraatiif atilaasii qopheessera.

Gabatee 1 Hayyoota Guddina Ji’ograafiitiif Gumaachan

Gaaffii                                                                            

Yaada  kana irratti waliigaltaa?

Walumaa galatti ji’oograafaroonni Arabaa aadaa fi qaroomina Isilaamaa babali’suu irraa darbanii:

  • Yaada warra Giriikotaa irratti hundaa’uun addunyaa qilleensa baramaa shanitti qoodaniiru.
  • Irboo(1/4th) addunyaa qofa irra dhalli namaa akka jiraatuu fi kan hafe ammoo bishaaniin kan uwwifame ta’uu bira ga’aniiru.

Jarraa 19ffaakeessa lakkaa’uun baayina uummata biyyoolessaa, istaatistiiksiin daldalaa fi qorannoo sanyummaa /ethnographic studies/ qorannoo ji’oograafii hawaasaatiif bu’uura ta’e. Jaarraa dhuma kana keessa dhaabbileen guddinaa fi dagaagina ji’oograafiitiif gumaachan keessaa:

A) Banamuu Yuunivarsitoota adda addaa

 Yuuniivarsitii Hambolt kan Barliinitti argamu guddina ji’oograafiif kan gummaachaan beektota heddu barsiiseera.Isaan keessaa kan akka A.Voon Hambolt, Imaanu’eel Kaantii fi Kaarl Riiter eeruun ni danda’ama.  Jaarraa 19ffaatti Yuuniivarsiitoota  Awurooppaa guutuu keessatti ji’oograafiin gosa barnootaa tokkoo fi kabajamaa ta’eera. Naannoolee biroonis fakkeenyuma kana faana bu’aniiru. Imaanu’eel Kaanti Wantoota “yeroo” fi “Iddoon”  qooduun kan yerootiin “Seenaa” kan iddoon tiin ammo “ji’oograafii” jalatti i qoodeera. Isaan keessa inni tokkoo fi inni bu’uura warra kaanii ji’oograafii fiizikaalaa ti.

 Warri  hafan ammo ji’oograafii herregaa, safuu, siyaasaa, daldalaa, fi ji’oograafii amantii (theological geography) ti . Aleksaandervoon Hamboltii fi kaarl riiter ammoo argattoota /abbootii/ji’oograafii ammayyaa jehdamuu dhaan beekamu.

B)  Dhaabbiilee qabeenya uumamaa qo’achuuf mootummaan 

    dhaabbatan

Kana malees Yuuniversitoonni muummee ji’oograafii qaban bara 1870 moota keessaa si’a jalqabaatiif  biyyoota afaan Jarmanii, Faransaayii fi Biritaaniyaa dabbutan keessatti banameera. Walakkaa jaarraa 20ffaa keessa Biritaaniyaa fi Ameerikaa keessatti haalaan babal’ateera. Ameerikaa keessatti W.M.deeliis ji’oograafii fiizikaalaa irratti qo’annoo adeemsiseen bu’aa buuseera.

1.4.4. Ji’oograafii bara Ammayyaa

Beekumsi hayyoolee ji’oograafii durii walitti cuunfamee jalqaba ji’oograafii ammayyaatiif  bu’uura ta’eera. Haaluma kanaan dhuma jarraa 18ffaa keessa saffisaan guddachuun saayinsii uumamaa kanneen akka  ji’ooloojii, bootanii, Zooloojii fi Kilaayimaatooloojii qorannoo ji’oograafii naannoo yeroodhuma kana gadee fi dagalee lafaa sirrii ta’e murteessuu fi kaartaa lafa haala saayinsaawwaadhaan kaasuun odeeffannoo waa’ee bakkaa irra caalaatti argamsiiseera.

Gaaffii?  A.Voon Hambolt guddina ji’ograafiitiif maal gumaache?

  • Jarman keessaa fi biyya alaatti ji’oograafii babal’iseera.
  • Damewwan ji’oograafii kanneen akka kilaamaalootoojii,

 ji’ooloojii, ji’oomoorfooloojii, bootanii, fiiziksii, ji’ooloojii, fi kkf babal’iseera.

  • Fageenya maayilaa 40,000 imaluudhaan wantootaa fi ta’eewwan daawwateera.
  • Gama biraatiin Hambolt abbaa kilaayimaatooloojii fi ji’oograafii biqiltootaa jehdamee beekama.

Gaaffii ? Tokkummaa fi garaagarummaan Hamboltii fi K.Riiter jedduu 

  jiru maaljettee yaaddaa?

Hamboltiis ta’e Riiter abbootii ji’oograafii ammayyaa jedhamanii beekamu.

Qo’annoon ji’oograafii duraan argama bakkeewwanii qofa irratti ture jarraa 20ffaa irraa jalqabee babal’achuun bara 1960 booda herregaa fi moodeloota adda addaatti fayyadamuun humna namaa fi uumamaa tilmaamuun ykn shallaganii qo’achuun danda’ameera.

1.5. Malleen Qo’annoo Ji’oograafii Fiizikaalaa

Kaayyoo Gooree

Barattoonnii Barnoota kana booda;

  • Maloota ji’oograafiin fiizikaalaa ittiin qo’atamu ni ibsu.
  • Maloota kanatti fayyadamanii barnoota ji’oograafii ni qoqqoodu.

Mala qo’qnnoo gaafa jennu yaada saayinsii irratti hundaa’een barnoota adda addaa irratti yaada kennuun guddisuuf kan nama gargaaruu dha. Hayyooleen ji’oograafii mala qo’annoo ji’oograafii iddoo lamatti qoodaniiru.

Isaanis:

1.5. 1. Mala Qo’annoo wantaa /Systematic Approach/

Mala qo’annoo ji’oograafii ta’ee akkaataan qo’annoo isaa ta’ee tokko fudhachuun fakkeenyaaf faca’iinsa isaa, walquunnamtii inni naannoo waliin qabu fi bu’aa inni hojii namaa irratti qabu gad-fageenyaan kan ilaalu ta’a.

Fkn ji’oograafii siyaasaa, heddummina uummataa, aadaa, dinagdee, gabaa, albuuda, qonnaa, warshaa, ji’oograafii geejjibaa fi kkf.

1.5.2. Mala Qo’annoo “Bakkaa” /Regional Approach/

Mala qo’annoo ji’oograafii isa lammaffa ta’ee malli kun bakka murtaa’e tokko /region/ fudhaachuu dhaan ta’eewwan adda addaa walitti dhufeenya isaan naannoo waliin qaban fi waliif qaban argachuu dhaan kan qo’atuu dha.

Fkf Ji’oograafii magaalaa, Itoophiyaa, Afrikaa, Addunyaa fi kkf fa’a.

 
 
 
 
 
BOQONNAA LAMA

HAWAA fI LAFA

Seensa

Kutaa kana jalatti caasaalee hawaa, fageenya hawaa keessaa safaruu, sina biiftuu, Pilaaneetota fi qaamolee biroo hawaa keessatti argaman qo’atta.

Kaayyoo Gooroo

Barattoonni barnoota kana booda:

  • Caasaalee bu’uuraa hawaa keessatti argaman ni hubatu.
  • Fageenyi hawaa keessaa akkamitti akka safaramu ni xiinxalu.
  • Sirni biiftuu maal akka ta’e hubatu.
  • Pilaaneetota hawaa keessaa addaan baasanii ni hubatu.
  • Qaamolee biroo hawaa keessaa ni beeku.

2.1. Hawaa

Gaaffii:  Hawaan maali?  Akkamitti uumame? Yoom uumame?

Hawaan walitti qabaa qabee wantootaa fi ifaa ykn carallaa sirriitti beekamuu danda’anii ti.

Hawaan waan bal’aa dhumaa fi jalqaba hinqabnee dha. Saayinsiin waa’ee uumamaa fi adeemsa caasaa hawaa isa har’aa fi gara fuula duraa yeroon wal-qabsiisee qo’atu kosmooloojii jedhama.

Asroonoomiin ammoo Saayinsii waa’ee qaamolee hawaa, hanga fi sochii isaanii qo’atuu dha. Uumamni hawaa baay’ee mormisiisaa dha. kanaafis maladhahaan adda addaa kaa’amaniiru.

1. Hawaan dhaabbataa dha.

Deggertoonni yaada kanaa Aristootil, Albert Instaayin fi kkf.  Akka yaada namoota  kanaatti hawaan walitti siquu ykn addaan siquu hin danda’u. kana jeshuun hawaan erga uumame jijjiirama tokko illee hin agarsiifne.

2. Hawaan Dhisamaa /bal’ataa/dha.

Deggerttoonni yaada kanaa Idiwiin Haabil mala dhaahaa dabaree diimaa /Red shift theory/ fi Riilee mala dhahaa do’iinsa guddaa/Big Bangtheory/

Akka namoota kanaatti ammoo hawaan yeroo hunda jijjiiramaa dha. Mala dhahoota kana keessaa yeroo ammaa baay’ee deggersaa fi fudhatama kan argate mala dhaha Dho’iinsa guddaati.

Mala dhahaan kun hawaan waggoota Biliyoona 15-20 gidduutti dho’iinsa guddaa dhaan uumamuu akka jalqabe ibsa.

2.2. Caasaalee Bu’uuraa Hawaa 

Gaaffii: Hawaa keessatti maal fa’itu argama?

2.2.1 Urjiilee

Gaaffii: Urjiilee moo biiftu caalaa guddata? Kamtuu ammoo ifa guddaa qaba? Maaliif jettee yaadda?

Urjiileen lafa irra baay’ee xiqqoo fakkaatu. Akkasumas lafa irra baay’ee dukkanaa’oo fakkaatu. Kun ammoo ta’uu kan danda’eef lafa irraa biiftuu caalaa baay’ee baay’ee faggoo waan ta’aniif dha.

Kana irraa kan ka’e calaqisa ifa isaani irraa  burqu malee qaama isaanii arguu hin dandeenyu. Guddinni isaanii aduu harka 1,000 hanga 1,000,000 tiin caala. Ifti isaanii ammoo kan adduurra harka 1,000 hanga 10,000 tiin caala. Urjiin fuula lafaatti baay’ee dhiyattee argamtu aduu yoo taatu fageenyi ishee lafa irraa kiilomeetra 150,000,000 ta’a. Aduutti aanuun 2ffaarratti lafatti kan dhiyaattu  ammoo Alfaaseechuwaarri yoo taatu isheen isa bara ifaa 4 lafarraa fagaatti.

Haaluma walfakkaatuun urjiileen hawaa keessatti kan hin sochoone, waanti isaan fakkaataniif fageenyuma isaanii kana irraa kan ka’ee dha. Garuu, biiftuu Caalaatti saffisa guddaa dhaan kan socha’anii dha. Baay’inni urjiilee lafa irra ijaan mul’achuu danda’anii 8,000 ta’a jedhamee tilmaamama. Isaan keessaa 4,000 karaa heemisfera kaabaa 4000 ammoo karaa heemisfara kibbaatti muldhatu. Heemisfeera tokko keessatti al tokko argamuu kan danda’an 2000 qofa ta’u. Kanneen hafan 2000 ammoo Samii isa gara guyyaa keessa waan oolaniif ifi biiftuu isa caalaatti calaqisaadhaan aguugamu. Qaamni Urjiilee inni mul’atu footoosfeerii jedhama. Urjiileen guddinaan aduu caalanii fi aduudhaa gadii ta’an duraa duubaan “Urjiilee eelaa” /Giant stars/ fi “Dinkiilee adii” /while dwarfs/jedhamu.

2.2.2 Gaalaaksii

Wantoonnii hawaa keessaa ammallee bal’ataa akka jiran hubatamaniiru. Kana waan ta’eef faca’iinsi dhukkeewwanii ,Urjiilee, gaazotaa, carallaa fi kkf  walfakkaataa miti.

Heddumminni wantootaa, bakka duwwaa bal’aan adda bahee, odoloo/island/fakkaatu gaalaaksii jedhama. Qaamolee hawaa keessaa gaalaaksiin isa guddaa  dha. Hawaa keessa gaalaaksota gara biliyoona 100 tu jira. Tokkoon tokkoon isaanii yoo xiqqaate urjiilee gara 100,000tti siqu qabu. Gaalaaksii keessatti kan argaman kanneen akka urjiilee, duumessaa, gaazotaa fi dhukkee fa’i.

Akkuma Pilaaneetotaa  gaalaaksiin naannoo handhuura isheetii marsiti. Gaalaaksiin ishee xinnoon urjiilee gara 100,000 qabdi.

Gaalaaksiin baay’ee lafatti dhiyaattee argamtu Andiroomeedaa jedhamti. Lafa irraa bara ifaa miliyoona 2 fagaatti.

Gaalaaksiin sirna biiftuu keessatti argamtu Gaalaksii Miilkii Weyii jedhamti.

Gaalaaksiin kun baay’ee diriirtuu fi yoo xinnaate, urjoota biliyoona 100 qabdi. Diyaameetirri ishee gara bara ifaa 100, 000 ti.

Aduun handhuura miilkiiwayii irraa gara bara ifaa 30,000 fagaatti.

2.3 Fageenya Hawaa keessaa Safaruu

Fageenyii Hawaa keessaa kan safaramu

  1. Bara ifa
    1. Weevii/Sagalee raadiyoo fi kkf

Saayintistoonni akka mirkaneessanitti ifti sekoondii tokko keessatti kiilomeetra 300,000 adeema. Kana irraa ka’uun ifti gaalaaksii Andiroo meedaarraa ka’ee hanga lafa bira ga’utti waggoota miliyoona 2 fudhata. Kana jechuun fageenyi jiddu lamaan isaanii kiilomeetra 1.89×10 19 ta’a jechuudha. Karaa biroo ammoo kun 300,000×60”x60”x24x365x 2,000,000=km1.89x=bara ifaa 2. Kana jechuun barri ifaa 1=km 9.4xta’a.

Karaa biroo ammoo fageenya Alfaaseenchuwaarii gara km yoo jijjiirre 300,000x 60”x60’x24x365 ta’a jechuu dha.

Kana irraa hubachuun akkuma danda’mu fageenya hawaa keessaa kiilometraan safaruuf  yaaluun garba qaruuraadhaan waraabnii fixuuf yaaluu jechuu dha. Sababni isaa hawaan baay’ee baa’ee bal’aa waan ta’eef kiilomeetraan safaruun hin danda’amu. Kanaafuu fageenyi hawaa keessaa bara ifaatiin safarama. Kana jechuun yeroo ammaa kana bifa urjii Alfaaseenchuwarii isa waggaa 4 hara’aa ilaalla jechuu dha.

2.4. Sirna Biiftuu

Gaaffii: Sirni kun maaliif sirna biiftuu jedhame? Biiftuun qaamolee biroo sirna kana keessatti argaman irraa maaliin adda taate?

Biiftuu, pilaaneetota, ji’oota, astirooyidoota, koomeetotaa fi qorsoonni walitti sirna biiftuu jedhamu. Akkuma olitti ilaallee hawaan erga uumamee waggoota billiyoona 15 hanga 20 lakkoofsiiseera.  Sirni biiftuu garuu reefuu waggoota biliyoona 4.6 ta’a.

Waggoota biliyoonoota yoo ta’e illee umuriin sirna biiftuu kan hawaatiin yammuu walbirratti ilaalamu mucaa dha. Sirna biiftuu keesatti isheen guddoo fi ifa ofii isheetii maddisiiftu /urjiin /biiftuu qofa. Kanaafuuti kan sirnichi isheen waamame. Uumama sirna biiftuu kana eeran mala dhahoota afurttu jiru. Isaaniis

A) Yaad-hiddama argama biiftuu duraa (The pre-existing sun theory)

Bara 1902 lammiilee Ameerikaa kan ta’an Toomaas Chaanparliin fi Foorasti Maawuuttan yaada isaanii akka kaa’anitti, urjiin tokko humna gaazii o’aatti/biiftuutti /harkifamee o’ee ture. Booda hanga biiftuu irraa fagaataa deeme qorraa fi walitti butamee, dhumarrattis caccaba pilaaneetota ta’e.

B)  Yaad-hiddama aduu lakkuu (The twin sun theory)

Burqisiisaan yaada kanaa haayilee nama jedhamu ture. Mala dhaha isaa keessatti, urjiileen lama walitti bu’anii tokko caccabee pilaaneetota yoo ta’u urjiin hafe ammoo biiftuu akka ta’e ibsa.

C)  Yaad-hiddama Nabuulaar (The Nebular theory)

Abbootiin yaada kanaa lammii biyya Jarman kan ta’e Imaanu’eel kaantii fi lammii Faransaayii kan ta’e Laappilas turan. Yaadni isaanii yaada Naabular jedhama. Akka yaada kanaatti dhukkeewwan, gaazotaa fi kkf.

Wal harkisanii qaama tokko uuman. Hanga qaama kanaa guddaachaa yoo dhufu, gidduunisaa dhiibbaa irraa kan ka’e o’ee diimachuu jalqabe. Wantoonni yoo ho’an ni dhiisamu (addaan deemu). Dhumarratti jidduun qaama kanaa biiftuu, qarqarri isaa ammoo qorree pilaaneetota ta’ee argame.

D)  Yaad-hiddama Kuuppar (The Kuiper theory)

Bara 1950tti dhalataan Ameerikaa kaabaa kuuppar jedhamu mala dhaha kaantii fi Laappilas bifa ammayyaatiin fooyyeesse barreesseera.

Akka yaada keetti kamtu sirrii dha? Ibsi.

Qorannoo hanga ammaatti hayyoon iddoo fi yeroo garaagaraatti geggeessaniin pilaanetota 9, ji’oota 60 ol, asitirooyidota, koomeetotaa fi qorsoota baay’een sirna biiftuu keessatti argamuun isaanii beekamee jira.

Akka qorannoo dhaabbilee hawaa: NASA (Ameeriikaa Kaabaa), ESA/Awurooppaa), Ruusiyaa fi Chaayinaatti dorgommiin amma geggeeffama jiru. Garafuulduraatti,

  1. Baayiinni pilaaneetotaa, qorsootaa, astirooyi dotaa, koomeetotaa fi ji’ootaa amma beekaman    

     caalaatti dabaluu ni danda’a.

  • Amala addaa fi wal-fakkeenyaa wantoota hawaa keessa jiran baruuf carraa ni bana.
  • Mala dhahoota waa’ee uumama hawaa, sirna biiftuu fi kkf amma ittin hojjetamaa jiran mirkaneessuu ykn almirkaneessuu ni danda’a.

2.4.1 Biiftuu

Gaaffii:  Lafa moo aduuttu irra guddata? Maaliif?

Aduun qaamolee sirna biiftuu keessaa ishee guddoo dha. Wantoota waliigalaa sirna biiftuu keessaa 99.86% aduu dha. Diyaametriin aduu kan lafaarra si’a 109 caala.

Akkasuma kuufamni /Mass/aduu kan lafarra si’a 300,000 caala. Akka qorannoon agarsiisutti tempireecharii qaama bakkee aduu 600 0C yoo ta’u inni keessa ishee ammoo digrii seentiigreedii miliyoonota ta’a.

Akkuma beekamu madaalliin humna alaa /centirfugal/ fi humna keessaa /Centripital force/ akka pilaaneetonni oorbitii isaanii eeganii faallaa adeemsa sa’aatii biiftuu naanna’u, kallattiin faallaa adeemsa sa’aatii kun Proogreedii” jedhama. Aduunis kallattiidhuma walfakkaaturra otubaa isheerra naannofti. Akkuma urjiilee biroo aduun haayidroojiin 71%, hiliyeemii 27% fi elementoota ulfaatoo 2% irraa tolfamte.

Dheerinni orbiitii aduu bara ifaa 2.3 yoo ta’e aduun marsaa tokko naannoo handhuura miilkiiway xumuraaf waggoota miliyoona 250 itti fudhata.

2.4.2. Pilaaneetota (Planets)

Gaaffii: Pilaaneetonni maali?

Jechi Plaaneetii jedhu jecha Giriikii isa “Marsituu” ykn “Wanderer” jedhamu irraa madde. Pilaneetonni qaamman hawaa kan marsaa biiftuu naanna’an jechuu dha. Aduun humna arkisa isheetiin pilaaneetota kana gara handhuura isheetti harkifti. Humni harkisa aduu kun /giravitational pull/ humna sentiriipeetaalii jedhama.

 Haata’u malee yeroo nannoo biiftuu marsan pilaaneetoni humna faallaa humna harkisa biiftuu ni qabaatu. Humni Pilaaneetota aduu irraa gara bakkeetti dhiibu /gravitational push/ kun ammoo humna sentrifuugaalii jedhama. Madaalliin humnnoota kana lamaan gidduu jiru akka pilaaneetonni oorbitii ofii isaanii eeganii naannoo aduu marsan taasiseera. Oorbitii pilaaneetotaa kun korboo /elliptical/dha. pilaaneetonni ifa ofii isaanii hinqaban garuu ifa biiftuu calaqisiisu.

Walumaagalatti pilaaneetota 9 tu jira. Isaan kaan aduu irraa fageenya garagaraa irratti argamu. Akka faggeenya aduu irraaa qabanitti Meerkurii, Veenus, Lafa, Maars, uppiter, Saatarn, Uraanus, Neeppitan fi Piluutoo dha.

Gabatee 2      Odeeffannoo waa’ee Pilaaneetotaa

PilaaneetiiFageenya irraa(km miliyoonYeroo marsaa (guyyaan)Yeroo maraammartooDiyaameetrii (km)Baayina ji’ootaaSaffisa oorbitii irratti km/sek
Meerkurii57.98859 (Guyyaa)4918_47.9
Veenus108.2225243 (Guyyaa)12,102_35.0
Lafa149.63651 (Guyyaa)12,756129.8
Maarsii227.9687Sa’a 24 fida 376794224.1
Juppiter778.34333Sa 9 daq 55142,9841613.1
Saatarn1427.010,759Sa 10 da 39120,536189.6
Usraanus2867.030.686Sa 17 daq 1451,118156.8
Neeppitan4496.660,188Sa 18 daq1249,52/885.4
Piluutoo5900.092,6116.39(guyyaa)2,31214.8

Pilaaneetonnii bakka lamatti qoodamu. Isaanis:

  1. Pilaaneetota keessoo (Inner planets)

 Isaan kun bal’inni isaanii xiqqaa dha. Garu ammoo rukkinni isaanii guddaa dha. Akkaasumas pilaaneetota “lafoo” jedhamu.

Isaanis   lafa, Meerkurii, Veenus fi Maars dha.

  1. Pilaaneetota bakkee (Outer Planets)

Akka warraa keessaa osoo hin taanee, isaani kun qaamaan gurguddoo, rukkinaan garuu xiqqoo dha. Isaanis pilaaneetota beekamoo jedhamu. Isaanis Juppiter, Uraanus, Saatarn, fi Neppituni dha. Garu immoo pilootoo hin dabalatan.

A) Meerkurii

Meerkuriin pilaaneetii keessaa ishee xiqqeenyaan lammaffaa   irraatti argamtuu dha. Pilaaneetii dimimmstuu ifa biiftuu qaamaa isheerra bu’u hin calaqisiifnee dha. Bal’inaa fi bifaan ji’a lafaa fakkaatti. Akkuma beekamu meerkuriin baay’ee lafa caalaa xiqqaattu tti .Reediyasiin ishee fii kuufamni ishee lafaatti duraa duubaan.Yeroo marsaa lafaa naannoftu faggeenyi isheen biiftuu irraa qabdu ni jijjiirama. Akkuma bira ga’ammetti faggeenyi ishee biiftuu irraa inni guddaan isa xiqqaa si’a lama ta’a.

Qaamni meerkurii pilaaneetota baay’ee o’oo sirna biiftuu keessatti argaman keessaa isa tokkoo dha. Tempereecharri waaree guyyaa  mudhii ishee irraa tilmaamaan digirii seelshesii 427 ga’a.

Karaa biraatiin ammoo temperecharri ishee inni halkanii warraa baay’ee diilallaa’oo sirna biiftuu keessaa isa tokkoo dha. O’a aduun yeroo guyyaa gad-dhufu kan hir’isuu fi isa yeroo halkanii ba’u ammoo kan dhorku gaaziin qilleensa naannoo kan dhorku gaaziin qilleensaa naannoo kamiyyuu hin jiru. Sababni isaas qilleensaa naannoo waan hin qabneef, Meerkuriin humna harkisaa kan lafaa ta’e xiqqaa qabdi.

B) Veenus

 Veenus sirna biituu keessaa pilaaneetii baay’ee iftuu dha. Bara durii uummanni Awuroophaa akka waaqa bareedduuttu waaqeessaa turan, Veenus ganama kara baha biftuu, galgala ammoo karaa lixa biiftuu mul’atti. Veenusiin adda kan godhan keessaa tokko ammoo kuufamaa fi diyaamee tiraam baay’ee lafa fakkaachuu isheeti .Haata’u malee lafaa fi Veenus qaamaa fi qilleensa naannoo adda ta’e qabu.Qilleensi naannoo veenus kan lafaa caalaa o’ituu fi rukkituu dha. Gara 96% kan ta’u qilleensi naannoo veenus kaarbondaayi oksaayidii dha.

Kun ammoo dhugumatti “griin haawus iffeektii” (Green House Effeect) uuma. Qilleensi naannnoo isaa garmalee rukkataa fi Tempereechari isaa baay’ee o’aa dha.  sababa green haawausiffeektii irraa kan ka’e temprecherri veenus hanga digrii seelsheesii 460tti guddata.

Waa’ee veenus ilaalchisee wantoonni lama beekamuu qabu.  Isaanis

  1.  Pilaaneetota kallattii sa’atii irra ykn bahaa gara dhihaatti maraammartoo

          godhan lamaan qofa keessaa isa tokko .

  1. Yeroon maraammartoo isaa yeroo inni marsaa biiftuu naanna’u caalaa dheerata. Kanaafuu guyyaan tokko waggaa tokko caalaa dheerata.

C) Lafa

Pilaaneeti keenya ta’uu dhaan aduu irraa gara bakkeetti 3ffaa irratti argamti. Temperecharri qaama ishee qabbana’aa waan ta’eef bishaan dhangala’aan ni jira .Kanaaf lafti tarri pilaaneeti ishee qofa lubbuun irra jiraatuu dha. Ji’i satalaayettii lafaa qofa. Ji’i guddinni ishee fi kuufamni ishee duraa duubaan lafaati .Harkisi ji’aas kan lafaati. Kun ammoo akka ji’i qilleensa naannoo ofii isheetii hin qabaanne taasiseera.

D) Maarsii

 Maarsi pilaaneetii ollaa lafaa fi 4irratti aduutti kan dhiyaattuu dha. Diyaameetrri fi kuufamni ishee duraa duubaan  lafaati . Qilleensi naannoo maarsi 25% kaarbondaayi oksaayidii, naayitiroojiinii xiqqoo (3%) fi oksijjiinii fi bishaan muraasa.Ji’oonni maarsi lamaan Fooboosii “ fi “ Deemoos “jedhamu.

E) Juppitar

 Juppiitar reediyesiins ta’e kuufamaan pilaaneeti guddichaa sirna  biifftuu keesaa jedhame beekama. Kuufamni isaa ida’ama kuufama pilaaneetota sirna biiftuu keessa hundaa caala. Diyaameetirii fi kuufamni isaa kan lafa duraa duubaan si’a 10 fi si’a 300 oliin caala.Qilleensi naannoo Joppiitar gaazota kanneen elemntoota akka haayidroojiinii (80%) heeliyeemii fi haayidroojiiniin guutaman kan akka meetaanii, amooniyaa fi bishaanii of keessatti qabata. Ji’oota isaa hunda keessaa in “Gaanyimeedee” jedhamu isa guddicha diyaameetira km 5268 qabu dha.

F) Satarn

 Saatarn pilaaneettii guddicha isa lammaffaa sirna biiftuu keessaatti Akkuma Juppiitar diyaa meeterri isaa kan lafaa ala 10 caala. Kanaaf, qabeen saatarnii fi juppitar walfakkaataa dha. Qubeelewwan addaa saatarn jalqaba kan arge Galiiliyoo dha. Qubeelonni kun bal’ina qabu garuu ammoo haphii dha. Kanneen keessaa inni guddaan qilleensa naannoo saatarnii olitti km 30,000 bal’atee jira. Ji’I saatarnee diyaameetra km 5000 qaba. Kun ammoo pilaaneetii meerkarii caalaa akka inni guddaa ta’e agarsiisa. Saatarni qixa cabbaa’uu tii gaditti tempereechera digrii seelshesii 150 qaba. Saatarn Caabbii yabbina km hedduu ta’u qabuun uwwifamee argama. Akkasumas duumesa rukkina guddaa qabuun waan uuwifamee argamuuf qilleensii naannoo isaa rukkina guddaa qaba.

G) Uraanus

Uraanus baay’ee lafa caalaa gudda, garuu ammoo Juppitarii fi saatarnii walbira qabnee yoo ilaallu ammoo xiqqaa dha. Diyaameetirii fi kuufamni isaa kan lafaa caalaa duraa duubaan si’a afurii fi si’a 15 guddata .Uraanus pilaaneetii si’a jalqabaatiif toftaa telesa koppiitiin namticha biyya Jarmanii wiiliyaam Heerischeeliin argamtee dha. (1781)

H) Neeppituun

Neeppitan bara 1840 moota keessa Astiroonoomera biyya Faransaayii Urban Leeverr jedhamuun argate. Pilaaneetoota gurguddoo keessaa ishee alaati . Diyaameetirrii fi kuufamni ishee kan lafaa caalaa duraaduubaan si’a 3.9 fi si’a 17 ta’a. Neppitan ulfaatina, bal’inaa fi halluun uraanusiin fakkaatti. Qilleensi naannoo ishee gaazota sumaa’oo kannan akka meetaanii amooniyaa fi kkf of keessatti qabaata. Neeppiitan qubeelaa wwanii fi ji’oota 8 qaba. Kanneen keessaa Triiloonii “fi Nereedar “ji’oota gurguddoo dha.

I) Piluutoo

Piluutoon pilaaneetii xiqqaa fi fagoo sirna biiftuu keessati Argamuun irratti pilaaneetii isa booddanaati kunis kan ta’e telees koppii walakkaan bara 1930 astiroonoomara Ameerikaa kan ture siliindee Toombaafiin .Haata’u malee Toomboofiin dura astiroonoo merrii Loowel jedhamu toftaa herregaatiin piluutoo argatee ture. Kanaaf, Loowel nama jalqaba. Pilaatoo argate jedhama. Piluutoon qilleensa naannoo meetaaniin irraa uumame haphii ta’e qaba. Ji’a tokkitti qaba.

     Qaamolee Biroo Hawaa keessaa

Pilaaneetota salgan olitti ibsamaniin alatti ammayyuu qaama uumamaa hawaa kan ta’an qaamoleen samii dha ni jiru .Isaanis Satalaayitoota, asterooyidoota, koomeetotaa meete’oorota fa’a.

a) Saatalaayitoota

 Qaamoleen samii gaafii__ Saatalayitoonii maali? Maqaan isaani sirna biiftuu keessaa kanneen naannoo pilaaneetootaa naanna’aan waliigalatti saatalaayitoota, ykn pilaaneetota gar tokkee ykn ji’oota jedhamu . Maqaan ji’a jedhu kun kan kanneen saatalaayitii lafaa booddee dha. Akkuma gabatee olii irraa hubachuun danda’amutti sirna biiftuu keessaa saatalaayitoota 60 ol tu jira.

Meerkurii fi Veenus irraa kan hafe plaaneetotnni hundinuu saatalaayitoota lakkofsa adda addan qaban qabu. Saatarn saaralaayitoota baay’ee qabaachuun tokkooffaa (18) yoo ta’u kan itti aanan ammoo Juppiitarii (16) fi Uraanus (15) dha. Lafatii fi piluutoon ammoo gajjallaadhaan warra ji’a xiqqoo qaban adda addaan tokko tokko qabanii dha.

Ji’i keenya qaama samii lafatti baay’ee dhihaattee argamtu dha. isaanis Kubbaa kattaa uumamaan duwwaa lafa marsitu kan ijaan mul’attuu dha.

Ji’oonni hundinuu ifa aduu isa balaqisuun ifu. Kana jechuun ji’oonni ifa ofii isaanii hin qaban jechuu dha. Garuu akkuma pilaaneetii calaqisiisu jechuu dha. Fakkeenyaaf ji’I keenya ifa aduu irraa fudhattee keessaa 7% yeroo calaqisiiftu , lafti ammoo humna biiftuu dhaan gad-lakkifame keessaa 35% calaqisiifti .Kanaaf, kanarraa cuunfuu kan danda’amuu lafti ji’a caalaa si’a 5 balaqisa aduu calaqisiif humna irra guddaa qabaachuu isheeti.

Akkuma duraan ibsame ji’a baay’ee lafa caalaa xiqqaatti .Humni harkisa ishees akka suma kanlafaa caalaa xiqqoo dha. Diyaameetirrii ji’aa km 3,476.Oorbiitii tokko marsaa lafaa xumuraaf guyyoota 26.3 itti fudhata.

Hojii barataa

Dheerina marsaa laafaa /Circum feraneed) hijjedhuutti (yaada Dh.M.1=2IIr2)

B) Astirooyidoota

Gaaffii? Astirooyidoonnii maali?

               Faayidaa maalii qabu?

Astirooyidoonni Pilaaneetota xixiqqoo ykn gad- aanoon Miseensota sirna biiftuu ta’anii jalqaba irratti oorbiitii maarsii fi juppitar gidduu oorbiitii ofii isaanii karboo ta’e irra naanna’anii dha. Akkuma beekamu astirooyidoonni faggootti pilaaneetota caalaa xiqqaatu.  Isaanis bakka duwwaa bal’aa oorbiitii juppitarii fi kan maars gidduu jiru keessaa adduu marsanii argamu. Kana irraa ka’uun bakki duwwaan oorbitii maarsii fi kan juppiitar gidduutti argamu “Sabbataa astirooyida” /asteroid belt) jedhamee beekama.

Astirooyidoonnii biiftuu kan oorbiitii godhan ykn kan naanna’anii al tokko waliin ga’an giddu galeessatti yeroo waggoota 4.6 keessatti .Yeroo amma kana lakkoofsi ati rooyidoota beekamanii galmaa’anii fi oorbitiin  isaanii beekama 1,650 ta’a.

Bakki isaan itti argaman bakka pilaaneetotaatti waan ta’eef jalqaba irratti astirooyoodni akka aftee plaaneetota dhodho’aniitti yaadamu ture. Kuufamni astirooyidoota hundaa akka kan lafaatii gad ta’eetti fudhatama. Utuu dhuma irra caalaan astirooyidootaa oorbiitii Maarsii fi kan Juppitar gidduutti/sabbata astirooyidotaa keessatti argamanii illee yartuu garuu sabbata kanaa alatti argamu.

C) Koomeetota

Koomeetoti qaamolee samii kanneen maatii sirna biiftuu keessatti garee ofii isaanii uumanii jiraatanii dha. Bal’ina, Oorbitii fi amala waliigalaa isaanii irraa kan ka’e koomeetoti pilaaneetota irraa adda.

Koomeetiin _ qaama samii neebuula ta’e aduutti naana’aa jiraatuu dha.

Innis eegee dheeraa fi calaqqisaa ta’e qama isa lafa biiftuutti siqee darbu irratti qaba.As irratti hubachuun kan nuuf ta’u waa’ee ka’umsa koomsa koomeetotaa wanti beekamu hin jiru.

Hanga bara 1577 argamuun koomeetotaa gurguddoo akka ta’ee qilleensa naannoo keessatti fudhatamaa ture. Koomeetoni qaama samii ta’uun isaanii kan mirkanaa’e bara kanaa booddee ture. Saayintistii jalqabaa dhugaa kan mirkaneesse astroonoomera biyya deenimaark Taayiichoo Baraahee jedhama. J.17ffaa keessa saayintistiin biyya Inglaan Sir Isaae Newton sochiin koomeetotaa seeruma pilaaneetonni ittiin oorbitii isaaniira naanna’ani akka wal fakkaatu ibseera.

Astiroonoomerri Biriitoon kan biroon Edmuund Halley jedhamu ammoo koomaatiin bara 1682 warra duraan bara 1607 fi 1531 wajjin akka inni walfakkaatu mirkaneesse. Bara 1605 akka koomeetiin sun bara 1758 deebi’ee mul’atu sirriitti tilmaame. Koomeetiin Halley kun yeroo dhiyoo darbe/1986/naannoo aduu dabarte.

Koomeetota gosa lamatu jira. Isaanis: koomeetota “yeroo” /Periodic/ fi koomeetota “Carraa” /sporadic/ jedhamu. Komeetonni yeroo komeetota garaagarummaa yeroo beekamaa tokko gidduutti biiftuu kan marsanii dha. Fakkeenyi koo meetota yeroo kun koomeetii Whipples” kan barri oorbilii isaa waggoota 5-42 ta’ee dha.

Barri oorbitii koomeetii Halley ammoo waggoota 76. 2. Karaa biroo koomeetonni dhokatooni komeetota yeroo tokkittii biiftuu daawwatanii dha. Bakka hin beekamnee dhufu. Marsaa biiftuu darbu sanbooda bakka hin beekamne lammaffaa dheebii anii hin argamnetti badu oorbiitiin koomeetota dhokatoo paaraaboollaa ykn gar-paaraaboollaa yoo ta’u oorbiitiin koomeetota yeroo ammoo korboo /elliptical /dha.

D) Meete’oorota

Gaaffii Urjiilee samii irraa gadi lafa dhaan “urjiilee dhuka’oo jedhaman argitee beektaa?

Koomeetiin yeroo caccabu meete’oorotatti jijjiirama. Meete’ooronni kun immoo urjiilee”Kukkufoo” ykn dhuka’oo “jedhamanii beekamu. Meeter’ooronni gubachuu kan jalqabaan lafarraa fageenya km 112 irratti yoo ta’u gubatanii kan dhuman ammoo km 6.5 lafa bira ga’uuf yammuu isaan hafuu dha. Meete’ooronni gubataa jiran akka ibidda boba’aa jiruutti argamu. Darbee darbee meete’ooronni tokko tokko qilleensa keessatti osoo gubatanii hin dhumin lafa bira ga’u.

Fkf. Meete’oorrii bara 500 dura Arizona (USA)tti bu’ee boolla gadifageenyi isaa m 150 fi diyaameeterri isaa ammoo m 1,200 ta’u qote .

Yeroo amma kana meete’ooronni saayibeeriyaa keessatti bara 1908 fi 1947 bu’aniiru .Meete’ooronni bakka itti bu’anitti biqiltoota reediyaasii km 20 keessa jiran ni balleessu.

Meete’ooronni ironii, niikelii yartuu, Alumiiniyeemnii, fi salfarii, of keessaa qabu. Barattoota mee waa’ee meete’oorota wantoota gaditti tarreeffaman hubadhaa.

    i) Utuu qilleensa naannoo hin seenin meete’oorri, “Meete’oroid” jedhama.

  ii) Yeroo qilleensa keessatti gubatu “Meete’orii”ykn “Kubbaa ibiddaa” jedhama.

  iii) Yoo gubachuun isaa dho’insaan xumurame “boolaayidii”  jedhama.

  iv) Hundi isaa qilleensa keessatti gubatee osoo hin dhumin hafee gar-tokkeen isaa lafa bira ga’e yoo ta’e gara lafa bira ga’e kanaan” Meete’ooraayitii jenna.

v) Meete’ooronni gurguddinni isaanii hamma biyyee ga’u maayikroo meete’oorota yoo jedhaman isaanis ifa kamiyyuu kennuu hin danda’an.

Meete’ooronnii baay’ee xixiqqoo haa ta’an iyyuu malee tokko tokko hanga kg 50,000tti ulfaatu.

2.5. Danaa fi Bal’ina lafaa

Seensa Waa’ee Lafaa

Kaayyoo gooree

Barnoota kana erga baratanii (hordofanii xumuranii booda barattoonni

Yaada ykn Ti’woorii warra neebulaan kenname irratti hundaa’uun haala uumama lafaa ni ibsu.

Lafti qaamman sirna biiftuu keessatti argaman keessaa ishee tokko yeroo taatu, uumamni ishiis uumama biiftuu fi qaamman sirna biiftuu wajjin akka ta’e ni amanama. lafti  kan uumamtes bara baay’ee fagoo ta’e keessatti wantooni akka hurrii, awwaaraa , (dhukkee) fi gaasii of keessaa qaban, kan ulfaatinaa fi guddinaan garaagarummaa guddaa qaban samii keessa marsaa turan irraati .Wantoonni  kunis , samii keessa yeroo marsaan kan walhunkuranii fi gara walakkaatti kan harkifaman turan. Kunis , walakkaa irratti ho’ii fi dhibbaan akka danatu gochuun akka bittannaa’an isaan taasise . Erga bittannaa’anii booda inni walakkaa baay’ee ho’aa fi diimaa ture aduu akka ta’ee fi warri bittiinaa’anis qarqara aduutti fageenya adda addaarratti qabbanaa’uun pilaaneetoota, saatalaayitoota, koomeetootaa fi astirooyidoota uuman.

2.5.1 Danaa Lafaa

 Namoonni qaroomina addunyaa durii qarqara naannoo galaana meediteeraaniyaanii turan lafti akka diriiraa taatetti hubachaa yookiin yaadaa turan. Sabani isaa akka namoota kanaatti kallattii hundumaanuu lafti galaana dhuma hin qabneen  daangeffamuu isheeti.

Gaaffii barataaf:

    Ati yaada kana ni deeggartaa? Maalif?

Yaada lafti diriiraa jedhu yeroo duraaf Paataagoras, itti aansee immoo pilaatoo fi Aristootil mormuudhaan lafti danaan ishee bifa killee (Spherical) qabaachuu ishee mirkaneessaniiru. Yaaddan lafti bifa ykn danaa killee (Sphere) fakkaachuu ishee agarsiisanis kanneen armaan gadii ti.

Isaanis

  1. Gaaddidduun lafaa fuula ji’aa irratti mul’achuu
  2. Suura lafaa qilleensarratti saatalaayitoota namtolcheedhaan fudhataman
  3. Aduun bahuu fi lixuu
  4. Bidiruuwwan lama walduraa duubaan qaama  bishaanii ( galaana fi garba ) irra yeroo deeman wal-arguu dhabuu
  5. Xiyyaaraan, bidirun yookiin konkolaataan marsaa lafaa adeeman dhumarratti bakka ka’an itti deebi’uu isaanii fi kkf.

2.5.2 Bal’ina lafaa

Marsaa lafaa Iraatoostiinis shallagerratti hundoofnee bal’ina lafaa tilmaamuun ni danda’ama. Kana jechuunis Marsaa lafaa =2IIr    km 40, 000=2×3.14xr           r=km6378.4.

 Bal’inni lafaa =4IIr2   = 4×3.14x (6378.4)2 = 510.9 milliona 2km.

 Qabee lafaa (Volume) =

Hub:

  • Reediyeesiin mudhii lafaa =km 6378.4
  • Reediyeesiin banti lafa = km 6357.0
  • Marsaan mudhiii lafaa km 40,076
  • Marsaa banti lafaa = km 40,008
  • Diyaameetiriin mudhii lafaa =12,713.54km(7899.83 miles)
  • Ulfinni lafaa = Toonii 5,876×109
  • Diyaameetriin bantii lafaa=11,713.54km(7899.83 miles)
  • Bal’ina lafaa  510.1million km2(196.9 million mile2)
  • Qabeen lafaa =1083×109km3

2.5.3 Sochii lafaa 

Hojjii barataa

                             Lafa moo biiftuutu socho’a jettee yaadda?

                             Lafamoo biiftuutu handhuura sirna biiftuutti argama?   

Waa’ee sochii qaamman hawaa ilaalchise mala dhahoota lamatu jiru. Isaanis:

  1. Sirna lafa gidduu galeessa godhate (Geo-Centric). Akka mala dhaha kanaatti biiftuu dabalatee pilaanetoota fi ji’ootni hundi orbiitii isaaniirra biiftuu marsu. Deeggeraa fi burqisiisaa yaada kanaa kan ture Niikoolaas koopparnikas (1543) jedhama.

                   Hojii barataa

   Gaafffi Yaaddan kana keessaa kamtu sirrii dha?

Lafti pilaanetoota salgan biiftuu marsan keessaa ishee tookko . lafti sosochii gurguddoo lama yeroo tokko keessatti raawwatti . Isaanis

  1. Sochii utubaa isheerraa ykn maraammartoo ( Rotation )
  2. Sochii marsaa biiftuu ykn naanna’a lafaa (Revolution)

2.5.3.1. Maraammartoo lafaa fi te’eewwan isaa

 lafti utubaa isheerra naannoftee xumuruuf (0360) sa’aatii 24 itti fudhata. Kana jechuun immoo sa’aatii 1 keessatti 015adeemti ykn ofirra marssiti jechuu dha.

Yeroo lafti utubaa isheerra marsitu ta’eewwan armaan gadii ni uumamu. Isaanis

  • Dabaree isaanii eeganii guyyaa fi halkan waljijjiiru
  • Kallattii jijjiiruu bubbee fi damba liiwwan garbaa
  • Ariitiin naanna’uun lafaa dagalee lafaatiin gargar ta’uu

        GaaffiiBarataa

  Ariitiin maraammartoo lafaa inni guddaan naannoo mudhii lafaati moo bantii lafaatti muldhata?

2.5.3.2. Naanna’uu lafaa fi ta’eewwan isaa

Lafti orbiitii isheerra biiftuu marsitee xumuruuf ariitii giddu galeessaa km/Sec 30 tiin guyyaa 365 sa’aatii 6, daqiiqaa (’) 9 fi Sekondii (”) 10 itti fudhata.

Yeroo lafti biiftuu marsitu ta’eewwan armaan gadii ni uumamu. Isaanis:

  • Garaagarummaa dheerina halkanii fi guyyaa
  • Jijjiirama waqtiilee (The Seasons)
  • Garaagarummaa kofa Carallaa biiftuu.

BOQONNAA SADI

TEESSUMA LAFAA FI QAAMMAN BISHAANII

(RELIEF AND WATER BODIES OF THE EARTH)

3.1. seensa

3.1.1 Yaadiddamoota Uumama Ardilee

a. Yaadiddama Ji’ogiraafii hin jijjiiramne (geographical permanency)

akka yaadiddama kanaatti ardiileeni fi garbawwan idduma har’a jiran kan osoo hin jijjiiramni turan jedhanii amanu. Akkasumas akka isaan amanaa turanitti tulluuwwan kan uumaman kottoonfachuu lafaa isa suuta qabbanaa’uu maagmaa baqaa fi oo’aa irraa madduun jedhu. Dhalachuu yaadiddamoota birootiin dura ji’olojistoonnii fi ji’omorfolojiistoonni yaadiddama kana bal’inaan fudhachaa turan.

b. Yaaadiddama Ardiileen walirraa adda baba’uu (Continental drift Theory)

Bara 1915tti lammiin Jarman, Alfreed Waaginar 1915, qorataa Ji’olojii fi Meetrolojii kan ta’a yaadiddama ‘Ardiileen walirraa adda caccaban’ yaadiddama jedhu yeroo jalqabaatiif qabatee dhiyate. Akka yaadiddama knaatti jalqaba ardii guddaa tokkicha (Supper Continent) Pangaay (Pangaea) jechuun afaan Giriikiitiin dachee guutuu (“All-earth”) bishaaniin marfametu ture. Sana booda, naannoo waggaa miliyoona 200’n dura Iraa Meesozooyikii wayitii Tiriyasikii, Pagaay ardiilee gurguddoo lamatti adda bahe. Isaanis Gondiwaanaa Laand (ardii kibbaa, kan Afrikaa, Ameerikaa kibbaa, Awustraaliyaa, Antarkitikaa fi ardii xiqqoo Hindii ofkeessatti hammatee) fi Laawreshiyaa (ardii kaabaa- Eeshiyaa, Ameerikaa kaabaa fi Awurooppaa) jedhamanii beekkamu. Itti aansee wayitii Juraasikiis adeemsi adda ba’uu itti fufuun dhuma waytii Kiretashiyas ardiileen akkaataa har’a jiran kanatti adda ba’anii socha’uun iddoo gargaraa qabatan. Yaaddidamni Waginar kun fakkiidhaan gabaabbatee akka armaan gadiitti dhiyaachuu ni danda’a.

Fakkii 1.Yaaddiddama adda baba’uu Ardilee (Continental Drift Theory)

Alfred Wagnar yaaddidama isaa kana mirkaneessuuf kitaaba bara 1915 mata duree ‘the Origin of Continents and Oceans’ jedhuun maxxanseen ragaalee gosa 3 dhiyeessuuf yaalee jira. Isaanis:

  1. Ragaa Hambaalee lubbu qabeeyyii (fossil evidences)– akka ragaa kanaatti hambaa bineesotaa fi biqilootaa ardiilee miseensota ardii kibbaa (Gondwanaland) keessatti haala walfakkaatuun argatee jira
  2. Ragaa Ji’olojikaalaa– qorataan kun gama kanaan akkaatuma ragaa hambaaleetti ardiileen kibbaa daangaa isaanii walitti aanee jirutti kattaalee gosaan, umriin caasaadhaan, qabiyyeen fi kkf walfakkaatan jiraachuu isaa mirkaneefatee jira.
  3. Ragaa Danaa Ardiilee akka ragaa kanaatti ardiileen kaabaas ta’ees kibbaa yoo walitti fidine danaan isaanii kan walkeessa seenuu fi wal qabatuu danda’u ta’uu isaati.
  4. Ragaa qilleensa baramaa durii– Argannoon qillensa baramaa bara paalaazooyikii akka ibsutti lafti bal’aan heemisfeera kibbaa (Ameerikaa Kibbaa, Afriikaa, Indiyaa, Antaartiikaa fi Awustaraaliyaan) Cabbiin uwwifamanii turan. Osoo ardiileen bara paalaazooyikii keessaa bakka isaanii ammaa jiran ta’ee, cabbiin uwwifamuun kun kan ta’uu danda’u yoo guutumaan lafaa cabbiin uwwifame qofaadha. Garuu qo’annoon akka agarsiisutti heemisfeerri kaabaa keessattuu Awurooppaan, inni ammaa dagalee giddu galeessa keessa jiru caffa’aa fi biqiloota tirooppikiiti irra ture. Kanaafuu, argamni ardiilee bara paalaazooyikii isa ammaa irraa adda jechuudha. Haaluma kanaan, Waaginar gaaffilee yaadiddama isaaniirratti ka’aa turaniif deebii kennuuf yaalaa turee jira.

c. Yaadiddama Pileet Teektoonikii (Plate Tectonic theory)

Dhimma ji’oogiraafii fiizikaalaa keessattuu kan ji’oomorfooloojii kan ta’e yaada hiddamni pileet teektooniikii argannoowwan jaarraa 20ffaa keessaa isa tokko dha.

Yaada-hiddami pileet teektooniik namicha Daan Maakeenzi’ee jedhamuun bara 1968 Yuuniveersitii Kambireejiitti madde. Yaada hiddama yeroo sanaatti bal’inaan tatamsa’aan lamaan “addaan siquu ardiilee (Continental Drift”’ fi “tamsa’uu jala garbaa (sea floor spreading)” walitti dabaluun yaada-hiddama kana dagaagse.

Yaadiddama kana fakkeenyaan ibsuuf, hanqaaquu affeelamaa fuutee fal’aana  utuu hin cimsin irra deddeebitee iddoo gara garaa yoo rukutte, qolli isaa kallattii adda addaatiin ni baqaqa. Akkuma fakkii armaan gadii irraa argamu baqaqaawwan kun neetihoorkii (network) uumu. Bakki baqaaqaawwan sana gidduutti uumamanis bal’ina guddaa fi xiqqaa kan qaban ta’ee qoqqoodamni adeemsa kanaan uumames pileetii jedhama. Akkuma qolli buphaa pileetoota adda addaatti caccabe, baqqanni litoosfeeriis  lafa keenyaas haala walfakkaatuun pileetootatti ni caccaba/qoqqoodama.

Fakkii 2: Pileetoota Buphaa affeelamaa

Baqqanni litoosfeerii, baqqana jajjabaa fi kattaa ta’ee dha. Innis baqqana ho’aa fi pilaastika ta’e asteenoosfeerii (Asthenosphere) jedhamu irratti argamu fi itti fufiinsaan irra socha’uudha. Haala sochii piloototaas fakkii armaan gadii ilaalaa.

Yaada-hiddamni pileet teektooniikii, yaada-hiddama baqqanni litoosfeerii pileetoota gurguddoo fi xixiqqoo baay’eetti caccabuu isaa ibsuu dha. Yaada hiddamni kun taateewwan teektooniikii (tectonic activities) fuula lafaa irratti jijjiirama fidan, argamni isaanii daangaa pileetoota gidduu ta’uu isaaniis kan dhugaa baasuu dha.

Yaada-hiddamni kun ji’oogiraafiin fiizikaalaa ol-jedhee miillaan akka dhaabbatu godheera. Ibsa sirrii dhaabbii dhabuu (instability)  keessa lafaatiif kenneera. Sababa dhaabbii dhabuu keessa lafaa kanas sirriitti agarsiisa. Baqaqiinsi, caccabuun, gad-dhooquun, maramuun (micciramuun), dadacha’uun, dhoo’uunii fi hollannaan lafa irratti akkamitti, maalii fi eessatti akka uumaman ni ibsa.

Akkuma armaan olitti eerame argamuunii fi ibsi yaada hiddama pileet-teektooniikii jijjiirama yaadaa hundee qabeessa ta’e uumamuu gaarreenii, Voolkaanoo fi hollannaa lafaa irratti fideera.

Hundaa oli, yaada hiddamni pileet teektooniikii tokko tokkoon pileetootaa sochii fi jijjiiramaa wal irraa hincinne jalaa akka jiran bal’inaan ibsa. Inni kun immoo yaadni inni garbaa fi ardiileen ji’oogiraafii hin jijjiiramne “geographic permanency” jedhu sun yaada dogoggoraa ta’uu isaa ragaa amansiisaa dhiyeessuun gaafii yeroo dheeraa deebisee jira.

Fakkii 3:   Sochii pileetota gurguddoo Addunyaa

3.1.2. Seenaa Ji’olojikaalaa Lafaa

Saayintistoonni tooftaa gargaraa fayyadamuun umirii lafaa fi dubdubee ji’olojikaala lafti dabarsite qoratanii jiru. Malleen kanniin kessaa tokko gabatee yeroo jiolojikaalaati. Haaluma  kanaan, umriin lafaa waggooota biliyoon 4.6 ta’uu ishee amanamee jira. Barri lakkoofsa Ji’ooloojii lafaa ykn Gabateen yeroo Ji’ooloojii kun Iraa, Wayitii, Ippoochii , Jaarraa, kurnee, waggootaa fi kkf tti qoodamu ni danda’a.

  • Iraa– qoodinsa gabatee yeroo isa guddaa fi waggoota miliyoonota heddu of-keessaa qabuudha
  • Wayitii (Period)– qoodama xixiqqaa Iraa ta’ee akka sirnaatti ilaallamuudha.
  • Ippochii– immoo qoodama xixiqqaa wayiitiiti.

Walumaa galatti  Iraawwan afurtu jira. Isaanis fagoo irra gara dhiyootti akka armaan gaditti duraa duubaan tarreeffamaniiru.

  1. Iraa piriikaambeeriyaanii
  2. Iraa paalaazooyikii
  3. Iraa meesoozooyikii fi
  4. Iraa seenoozoyikii ti.

Ji’ooloojii jechuun saayinsiiwwan waa’ee lafaa, qoratan keessa isa tokkoo ta’ee waa’ee madda (ka’umsa), qabiyyee, caasaa, seenaa fi elementoota lafaa akkasumas humnoota irraa fuula lafaa  fi keessaa lafaatti jijjiirama fidan kan qo’atuu dha.

  Ta’eewwan gurguddoo Iraawwaanii (Major Geological Events of Respective Eras)

Taateewwan ji’ooloojii lafaa  tartiiba yeroo raawwii isaatiin akka armaan gadiitti dhihaata.

  1. Iraa Piriikaambeeriyaanii (Precamberian Era) – Waggoota biiliyoona 4.6 hanga miliyoona 600

Sababa dheerina yeroo iraa kan ka’e waa’een irra kanaa baay’een hin beekamu. Haata’u malee, iraa kana keessa taateewwan akka voolkaaniizimii, denuudeeshinii (dhiqamuu/haramuu gaarrenii) fi peneepilaaneeshinii (uumamauu dirree) akka raawwatamee ture ji’ooloojiistootumma ni tilmaamu.

Raawwiiwwan voolkaanoo walitti fuufaa fi haramni (dhiqamni) lafaa yeroo dheeraa qaama dachee yeroo sanaa irratti jijjjiirama guddaa taasiseera. Kattaan jijjiiramaa jabaan beezimeent koompileeksi ykn kirstaalaayin  jedhamu inni kattaa bu’uuraa gaarreen gurguddoo addunyaa irratti uumamanii fi qabeenya sibilootaa akka warqeetiin badhaadhaa ta’e  iraa kana keessatti uumame. Kattaan kuni iddoo muraasaan alatti kattaalee yeroo dhiyootiin awwaalamee argama.

  • Iraa Paalaazooyikii (Paleozoic Era)- Waggoota miliyoona 600-225:

Iraan kun umurii dheerinaan pirikaambeeriyaanittiaanee sadarkaa lammaffaa qabatee jiruudha. Raawwiiwan ji’ooloojii iraa kanaa irra-caalamaan adeemsawwan ji’oomorfooloojii (uumama teessuma lafaa) ta’an kan akka dhiqama dachee (denudation) fi wal-qixxaachuu lafaa/uumamuu dirree (peneplanation) ti.

Iraa kana keessa lubbu qabeeyyiin akka qurxummii, amphibiyaansii, biqiloota xixiqqoo akka farnis fi moosis uumamuu isaanii ji’olojiin ni eera. Gama birootiin iraa kana keessa wayitii karboniferousii biqilootni yabbuun lafa jiidhaa (thick swamp vegetation) bal’inaan bal’inaan kan biqilan yoo ta’u yeroo muraasaan booda deebi’anii waan awwaalamaniif cileen (coal) uumamee jira.

  • Iraa Meesoozooyikii (Mesozoic Era) -Waggoota miliyoona 225-70:

Iraan kun isa sadaffaa ta’ee ol-ka’uunii fi gad-dhooquun qaama dachee gaanfa Afrikaa fi Piniinsuulaa Arabiyaa keessatti wal-geeddaranii dha. Adeemsi ol-ka’uu fi gadi dhooquu qaama dachee kun jecha ji’ooloojiitiin Ippiroojenesiisii (Epeirogenesis) jedhama. Kunis  gosoota adeemsa keessa lafaa keessa isa tokkoodha. Haaluma kanaan irra kana keessatti taateewwan ji’ooloojii gurguddoon ijaarsaa (uumama) gaareewanii, uumaamuu kattalee kuus-mansaa akkasumas argamuu lubbu qabeeyyii gurguddoo kanneen akka biqiloota dararanii, simbirootaa fi hoosiftootati. Kana malees, sanyiin bineessaa ripitaayilsii guddaa kan ta’e Daaynosarsiin qaama bishaanii fi dachee irraatti jiraachuu kan eegalanii fi dhuma iraa kanaarratti sababa sirriitti hin beekkaminiin laffarraa dhabamanii jiru. Laffarraa dhabamuu (disappearance) daayinosarsiitiif sayintistoonni maladhaa gargaraa dhiheessu. Fkn’f: jijjiirama qilleensaa, jijjiiramuu sanyii biqiltuu (kanaaf waan nyaatan dhabuun), bineessota biroo wajjiin nyaatarratti dorgomuu dhadhabuu fi kkf dha.

Iraa kana keessa lafti Gaanfa Afrikaa duufuu ykn room’uu isaatiin naannoon kibba-bahaa biyyatti gad-yammuu dhooquu naannoo kaaba-dhihaa ammo ol-ka’ee ture. Walumaa galatti adeemsi ol-ka’uu fi gad-dhooquu kun wayitiiwwan Irra kanaa sadan ; duraa duubaan Tiraasikii, Juraasikii fi kiraatishiyaas jedhaman keessatti raawwateera.

  1. Wayitii Tiraasikii (Waggoota Miliyoona 225-180):Wayitii jalqabaa irra meesoozooyikii

kanatti lafti gaanfa Afrikaa sababa human keesa lafaatiin kibba-bahaa irra eegalee gara kaaba dhihaatti gad-dhooquu (bu’uu) jalqabe suuta suuta bakka lafati gad-dhooqe kana bishaan garba Hindii irraa dhufuun weeraruu eegale. Weerarri bishaan garba  Hindii kun ‘Transgression of the sea’ jedhama. Weerarri bishaan galaanaa kun ammo kuufamni kattaa kuus-mansaa akka uumamuu sababa ta’e. Haala kanaan kattaan kuus-mansaa umurii dheeraa qabu ykn dulloomaa ta’e moggaasa ji’ooloojii kattaa cirrachaa Addigiraat jedhamuun beekamu uumamuu danda’e. Umuriin kattaa cirrachaa Addigiraat inni kibba baha Itoophiyaa isa kaaba dhihaa irraa dulloomaadha. Yabbinni kattaa kanaa ammo inni kibba –bahaa kan kaaba-dhihaa irra ni yaabbata.

  1.  Wayittii Juraasikii (waggoota miliyoona 180-135)

Wayitii kanatti gad-dhooquun qaama dachee itti fufee ture. Qaamni dachee Itoophiyaa waggoota miliyoona 45 guutuu bishaan garbbaan uwwifamte. Qaamni bishaan kun ammo lubbu qabeeyyii garagaraa of-keessaa qaba ture. Haaluma kanaan hafteewwan lubbu qabeeyyii kanneen kuufama kattaa kuusmansaa kan biroon si’a lammataaf akka uumamu godheera. Kattaa kunis moggasa ji’ooloojii dhagaa hoofii (boorallee) Hinxaaloo jedhamuun waamama. Haaluma olitti eerameen kattaan hoofii Hinxaaloo kun haftee lubbu-qabeeyyii du’anii cirrachaa fi dhagaa xixiqqaa of-keessatti qabata. Umuriin dhagaa boorallee Hinxaaloo kaaba-dhihaatti dulloomaa kibbba-bahaatti ammo umurii yeroo dhihoo (Younger) kan qabuudha.

 iii. Wayitii Kiraatishiyaasii (Waggoota Miliyoona 135-70)

Wayitiin kun waggoota miliyoona 65 guutuu kan tureedha. Dhuma wayitii Juraasikii fi jalqaba wayitii kiraatishiyestti qaamni dachee gaanfa Afriikaa fi  Arabiyaa ol-ka’an. Ol-ka’uun lafaa kanatti fufuun bishaan garba Hindii of-duuba (regression) deebi’uu eegale. Itoophiyaa keessatti ol-ka’uun dursa kan jalqabe naannoo kaaba-dhihaatti ta’ee gara kibba-bahaattis itti fufe. Adeemsi kun kan raawwate wayitii kiraatishiyaasii guutummaa keessatti ture.

Adeemsa of-duuba deebi’uu bishaan galaanaa kanaatiin kattaan kuus-mansaa kan biroon uumamuu danda’eera. Innis kattaa-kuus mansaa isa sadaffaa fi umurii yeroo dhihoo (youngest) kan  qabuudha. Kattaan kun kan uumame dhagaa booralee Hinxaaloo irratti kuufamuun ture. Maqaan isaas kattaa cirrachaa isa irraa (upper sand stone)   jedhama. Umurii fi yabbinni kattaa kanaa kaab-dhihaatti umurii dheeraa ykn dullumaa fi haphii yommuu ta’u kibba-bahaatti ammo umurii yeroo dhihoo fi yabbina (furdina) qaba.

Walumaa galatti, weerari garbaa fi mansi iraa meesoozooyikii guutummaa lafa Itoophiyaa uwwiseera. Baay’een kattaalee bara meesoozooyikii garuu kattaa iraa seenoozooyikiitiin awwaalameera. Kattaalee kuus-mansaa umurii dheeraa bara meesoozooyikii kan isaan bakkeetti bal’inaan mul’atanii argaman naannoo:

  1. Kibba baha Itoophiyaa (Ogaadeenii fi Somaalee)
  2. Giddu gala Tigiraay
  3. Sulula lageen Abbay fi waabe-shabalee kkf keessatti dha.
  • Iraa Seenoozooyikii (Cenozoic Era) Waggoota miliyoona 70 hanga yeroo ammaatti

Irra seenoozoyikii iraawwan ji’ooloojii jiran keessa iraa isa yeroo baay’ee dhihooti. Taateewwan ji’ooloojii irraa kana keessatti raawwatan gurguddoon kannen akka adeemsa ijaarsa (uumamuu) gaarreenii, babbaqaqiinasa/caccabbiinsa lafaa fi uumamauu sululaa/gad-dhooquu lafaati. Adeemsi kunis jijjiirama qillensaa, haramuu fi kuufamuun walduuka bu’uun ture.

Kanaafuu, teessumni lafa Itoophiyaa yeroo ammaa baay’een isaa bu’aa iraa kanaati. Adeemsi olka’uu lafaa, ol-dhangala’uu  laavaatiin wajjiin ta’uun iraa kana keessatti cimee itti fufeera. Taateewwan ji’ooloojii gurguddoon iraa kanaa wayitiiwwan irichaa lamaan (teerisharii fi quwaataranarii) keessatti kan raawwate ta’ee baay’een isaa garuu wayitii isa jalqabaa keessatti rawwate.

  1. Wayitii Teerisharii (Waggoota Miliyoona 70-2)

Akkuma olitti ibsame teessumni lafaa Itoophiyaa inni yeroo ammaa baay’een wayitii kana keessa uumame. Taateewwan Ji’ooloojii gurguddoon wayitii teersharii:

  1. Ol-ka’uu lafaa Itoophiyaa-Arabiyaa fi ol-dhangala’uu hanga laavaa baay’ee
  2. Uumamuu sulula guddaa Addunyaa

Ol-ka’uun lafa Itiyoo-Arabiyaa itti fufa suuta ol-ka’uu isa wayitiiwwan meesoozooyik Jureesikii fi kiraatishiyaas keessa jalqabeeti. Guutummaan qaama dachee Itiyoo-Arabiyaa akka qaama tokkootti ol-dhiibame. Yooma caccabiinsi sababa humnoota teektoonikiitiin uumameeyyuu, hangi laavaa baay’ee dhangala’uun, dhangala’iinsi baazaaltii kun bal’inaan faca’e. Kunis lafa bal’aa irratti  kattaa kuus-mansa bara meesoozooyikii uwwisuudhan pilaatoo Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa uume. Laavaa inni boolla veentii (tokko) keessaan bahee ammo gaarreen Voolkaanoo uumeera. Wantootni Voolkaanoo kun laavaa tiraappiiyaanii (Trappean lava or Trap series lava) jedhamuun beekamu.

  • Uumamuu Sululaa

Sulullaan kan uumaman yeroo lafti sarara baqaqaa lama gidduutti argamu gadi dhooqu (gadi-bu’u) dha. Lafti ol-ka’aan garaasii fi garanaa ammo pilaatoo uuma. Akkuma olitti ibsametti ol-ka’uun lafaa walitti fufiinsaan kattaalee beezimeentii fi kattaa kuus-mansaa irra keessaa irratti raawwate kattaaleen kanneen akka caccaban gochuun sululli uumamera. Uumamuu sululaa fi ta’e ol-ka’uun lafaatiif sababni humna teektoonikii ti. Adeemsawwan teektooniikii kana keessatti humnootni fallaan wal-harkisan (tensional forces) uumama sululaatiif murteessaadha.

Kanaafuu, sululli Itoophiyaa qaama sulula dheeraa addunyaa isa Sooriyaadha hanga Moozaambiikiitti diriruuti. Innis dheerina waliigala km7200 kan qabu ta’ee kana keessaa km5600 Afriikaa keessa dha.

 II. Wayitii Kuwaaternarii (Waggoota miliyoona 2 hanga ammaatti)

Taateewwan ji’ooloojii gurguddoon wayitii kuwaaternarii keessatti mul’atan sochiilee voolkaanoo fi jijiiramni qilleensaa beekamaadha. Taateen baay’ee bu’a qabeessi wayitii kanaa kan biroon argamuu dhala namaa ammayyaa fi baay’inaan argamuu hoosiftoota gurguddooti.

Voolkaanoon wayitii kuwaaternarii voolkaanoo Edan (Aden Volcano/Aden Series lava) jedhama. Voolkaanoon kun kan yeroo dhihoo fi uumamuu sululaan booda kan raawwateedha. Innis ta’ii Ippoochii wayitichaa isa dhihooti. Ka’umsi taateewwan kanaa humnootuma teektooniikii fi adeemsawwan keessa lafaa warren olitti eeramanii dha.

Jijjiiramni qilleensaa wayitii kana keessatti ta’e rooba guddaa piluuviyaalii jedhamu Afriikaa keessatti uumeera. Yeroon kun yeroo roobni baay’ee olaanaa ta’e itti roobeedha. Gama biroon dagalee giddu galeessaa fi olaanaa keessatti faallaa tirooppikii fi gar-tokkee tirooppiikii cabbiin kan uwwifameedha.

Sababa rooba piluuviyaalii Afriikaa keessa ture irraan  kan ka’e pilaatoon  Itoophiyaa harama cimaan jijjiirmeera. Haramni bishaan fuula lafaa kun ammo laggenii, harowwanii fi lafti caffa’aan akka bal’inaan dabalu ta’eera. Haroowwan Itoophiyaa muraasni walitti dabalamanii turan.

Fkn:

  • Ziiwaay (Dambal) ,Laangaannoo fi Shaallaa
  • Awwaasa fi Shaalloo (baha haroo Awwaasaa ammaa)
  • Chaamoo fi Abbayyaa
  • Abbee fi haroowwan xixiqqoo itti dhihoo jiran

Mansoonni baay’een dhiqamuun naannoo lafa ciisaa, harawwaa, cinaa sululaa fi jalatti kuufamaniiru. Roobaa piluuviyaanii booda haalli qilleensa baramaa gara ho’aa fi gogaa hammaatatti jijjiiramuun jiidhiinsi gara gigiinsaatti jijjiiramee reetiin hurkaa baay’ee dabale. Kanumaan haroowwan sululaa hir’achuun kanneen walitti dabalemanii  turanis addaan bahan. Naannooleen wayita rooba piluuviyaalii bishaaniin uwwifamee ture amma bishaani waan irraa gogeef kanuufamni isaa bakkeetti saaxilamuun mul’ateera. Isaanis kuufama kuwaaternarii Jedhamuun beekamu.

Kuufamni kuwaaternarii kanneenis:

  1. Kuufama laakaastiriinii: kuufama jala bakkewwan duraan haroowwanii fi caffa’aa turanitti kuufameedha.
  2. Kuufama filuuviiyaalii : kuufama qarqara lageeniitti kuufame.
  3. Kuufama gilaashi’oo-filuuviyaalii : kuufama irra gaarreesn gurguddootti kan kuufameedha.
  4. Kuufama Eeyooliiyaanii :
  5. Kuufama maariinii: naannoo lafa ciisaa Danaakilitti kan kuufame (kuufama Ashaboo)

3.2. Humnoota gurgudoo Fuula Lafaa Jijjiiranii fi Teessuma Lafaa Sababa  

       isaaniitiin Uumaman

Wantootni fuula lafaa irratti argaman bakkaa bakkatti akkasumas yeroo yerootti garaagara. Uumamuu baqqana litoosfeerii irraa jalqabee jijjiiramni walirraa hin cinne lafa irrati ta’aa jira. Gara-fuula duraatti hanga lafti jirtutti jijjiiramni wal-irraa hin cinne kun ittuma fuufa. Humnootni fuula lafaa irratti jijjiirama uuman kunniin madda isaanii irratti hundaa’anii iddoo lamatti qoodamu. Isaanis: humnoota irra lafaa (exogenetic forces) fi keessa lafaa (indogenetic forces). Jechoota birootiin humnoota teektoonookii (tectonic forces) fi deenuudeeshinii ykn giraadeeshiniiti jedhamaniis ni beekkamu.

3.2.1. Adeemsawwan Irra lafaa fi Teessuma Lafaa Uumaman

              (Exogenetic processes and Resulting land forms)

Fuulli lafaa dhaabbii dhabuu fi jijjiramni garaa garaa yeroodhaa yerootti kan irratti raawwatamudha. Ejentoota isaanii kan qaban adeemsawwan garagaraa fuula lafaa jijjiiran hedduutu jira. Sababa adeemsawwanii fi ejentoota isaanii kana irraa kan ka’e teessumni lafaa adda addaa uumamaniiru, uumamaa jirus. Adeemsawwan kun kanneen akka caccabuu kattaa (weathering), haramaa (erosion), geejjibamuu wantoota caccabanii (Transportation) fi kuufamuu (deposition) dha.

        3.2.1.1 Caccabuu kattaa (weathering)

Caccabuun kattaa fuula lafaa jijjiiruu keessatti wantoota qooda qaban keessa isa olaanaa dha. Wanti tokko yeroo caccabuu, adeemsa fiizikaalaa ykn keemikaalaatiin ta’a.

  1. Caccabuun Fiizikaalaa (physical weathering)

Caccabuun fiizikaalaa adeemsaa makaanikaalaatiin kattaan iddoo gurguddoo fi xixiqqaatti caccabuu dha. Wantoonni caccabuu fiizikaalaa keessatti gahee qaban

  • teempireechara
  • tarsa’aa dhagaa keessatti kuufamuu cabbii (bishaanii) (frost action)
  • hojiilee biqilootaa
  • Warri jaqlabaa lamaan teempireechara waliin walitti dhufeenya qabu.

Akkuma beekamu teempireecharri guyyaa baay’ee ho’aa fi halkan immoo qorraa dha. Kattaan guyyaa guyyaa yeroo dhisamu halkan ammo ni suntuura. Haalli kun ammo fofolloquu kattaa(exfoliation)  uuma.

Ejentiin caccabuu fiiziikaalaa inni biraan kuufama bishaanii baqaqaa dhagaa (frost action) ti.  Gochi isa kanaa qilleensa baramaa waliin hidhata qaba. Yeroo bishaanni baqaaqaa dhagaa keessa seenuu, halkan yeroo teempireecharri gad-bu’u (xiqqaatu) bishaanichi ni cabbaa’a. Akkuma beekamu ammo wantootni jajjaboon kanneen dhangala’oo irra bakka bal’aa qabatu. Haaluma kanaan, bishaanni dhangala’aa ture sun erga cabbaa’ee booda bakka bal’aa barbaada. Yeroo kana sababa dhiibbaa bishaanichaa (cabbichaa) tiin kattichi cabuun (baqaquu)n isaa itti fufaa deema.

Caccabuu fiiziikaalaa keessatti inni sadaffaan gocha biqilootaati. Akkuma naannoo keessanitti argitan hiddi biqilootaa yeroo cabaa (tarsa’aa) dhagaa keessa seenu, akkuma hiddichi guddatuun dhagicha addaan waan dhiibuuf dhuma irratti kattichi akka caccabu godha.

  1. Caccabuu Keemikaalaa (chemical Weathering)

Caccabuun keemikaalaa jijjiirama keemikaalaa albuudota kattichi irraa tolfame irratti raawwatuun isa kattaan caccabu agarsiisa.

Akaakuu caccabuu keemikaalaa baay’eetu jira. Isaanis:

  • haaydiroolaayisisii
  • kaarbooneeshinii
  • oksiideeshinii

Haaydiroolaayisiis jechuun sababa dhiibbaa bishaaniitiin caasaan atoomotaa inni albuudota keessaa caccabuu dha. Haaluma kanaan caasaan atoomotaa albuuda keessaa caccabuun kun immoo kattaan akka caccabu godha.

Kaarbooneeshiniin ammoo adeemsa caccabuu kattaa isa wal-nyaatinsa ayoonotaa (ions) kaalsiyeem, maagniiziyeem, soodiyeem fi pootaasiyeemii fi bishaaniittin ta’uudha. Wal-nyaatinsi kunis elemeentoota kaarbooneetii fi bay-kaarbooneetii uuma.

Bishaanni lafa irra yaa’uu hundi kaarboondaay-oksaayidii bulbulamaa isa qillensa marsaa lafaa keessaa ykn haftee biqiloota biyyee keessa jiranii irraa argame of-keessaa qaba. Kaarbooniik asiidiin wal-nyaatinsa kaarboondaayooksaayidii fi bishaaniitiin uumama. Kanaafuu bishaan asiidiin kun salphaatti wantoota bulbula. Kun ammo caccabuun kattaa akka raawwatu taasisa.

Ooksideeshiniin ammoo koompaawundoota sibiila of keessaa qabanitti dabalamuu ooksijiinii ti. Adeemsi kun hawasa biratti bal’inaan ni beekkama. Inni meeshaaleen sibiila irraa toolfaman yoo lafa turan maal akka salphaatti sillaa’u/dandaa’u (rusting). Kunis kan ta’eef wal-nyaatinsa ooksiijiinii bishaan keessaa fi aayoonii sibiilaatiin. Bifuma wal-fakkaatuun kattaaleen sibiila qaban salphaatti adeemsa oksiideeshinin caccabu.

Caccabuun keemikaalaa naannoo teempireechara fi roobaa olaanaa qabutti akkasumas bakka tortoruun biqilootaa jirutti baay’ee guddata.

Naannoo dhagaan boorallee jirutti jijjiirama keemikaalaatiin teessumni lafaa holqa keessatti uumamuu danda’anis ni jiru. Isaanis: Holqa, Istaalaagmaayitii (bulbulamoo dhakaa hoofii gogee holqa keessatti bu’uura irraa gara baaxiitti olguddataa deemuudha), Istaalaaktaayitii (faallaa istilaagmaayitii baaxii irraa gadi guddatuudha) fi Pilaarii (utubaa holqa keessatti bulbulamoo dhakaa hoofii gogerraa uumameedha) dha.

  •  Lolaa/Harama (Erosion)

Lolaa jechuun adeemsa wantooti caccaboon (caccabaan kattaa) bishaaniin, bubbeen, cabbii sigigaatuu fi humna harkisa lafaatiin haramee deemuuti. Gosoota lolaa gurguddoon: lolaa bishaanii, lolaa bubbee, fi lolaa cabbii fa’i.

  1.  Lolaa Bishaanii (Water Erosion)

Gochonni bishaan yaa’u raawwatan kanneen akka:

  • quncifamuu jala bishaanii  (Abrasion)
  • gocha darbatama bishaanii (Hydraulic action)
  • Bulbuluu (dissolving)
  • waliin deemuu wantoota (mass movement)

Adeemsota armaan oliitti dhimma bahuun bishaan kattaalee/biyyee lafa olka’oo irraa hare gara lafa dakeetti geejjibsa. Kanaan walqabatee yaa’a olee, jidduu fi gadeetti teessumni lafaa garagaraa kannee akka sulula danaa ‘V’(V-shaped valley), qilee fagoo(deep gorge), fincaa’aa (water fall), yaa’a marmaaraa (meanders) fi kkf akka uumamu godha.

  1.   Lolaa Bubbee (Wind Erosion)

Haramni gargaarsa bubbeetiin raawwatanis jiru. Bubbeen fuula lafaa karaa lamaan hara. Isaanis:

  • Difileeshinii (Deflation)
  • Abireeshinii (Abrasion)

Naannoo gammoojjii kataawwan guddinaan gargar ta’an ni argamu. Warri kaan baay’ee ulfaatoo yoo ta’an kaan immoo giddu galeessa, kaan xixiqqoodha. Wantooti sasalphoo ta’an bubbeen akka fuudhataman ni beekta. Kanaafuu, bubbeen fuudhatamuun caccaba kattaalee xixiqqoo difileeshinii jedhama.

Abireeshiniin (quncifamu) ammo yeroo bubbeen kattaalee caccaboo geejjibu kattaa lafa irraa kan birootiin walitti bu’a. Yeroo kana cirrachi bubbee sochii irra jiru kun kattaa isa biraa riguun akka inni caccabuu fi deemuu taasisa. Adeemsi kunis Abireeshinii (quncifamuu) jedhama.

Naannoo gammoojjiitti sababa harama bubbeetiin teessumni lafaa akka tulluu xixiqqoo (sand dunes) kuufamuu cirrachaa gufuutiin fkn dhakaa, biqilootaa kkfn uumamuu; tulluu xixiqqoo (barkhan) danaa addeessa irboo (crescent moon) qabu fi lafa kuufama biyyee gabbataa qabu (loess deposits)

  1.   Lolaa Cabbii (Glacier Erosion)

Akkuma bubbee cabbiinis paartiikiloota adda addaa geejjiba. Yeroo  cabbiin sigigaatu, sababa ulfaatinni isaa irra jiruuf lafti inni jalaa baay’ee harama jechuudha.

    3.2.1.3.  Geejjibamuu (transportation)

Geejjibamuu jechuun adeemsa paartiikiloota kattaa fi maansaan adda addaa wantoota (ejentoota) adda addaatiin haramanii iddoo biraatti geeffamaniidha.

Wantootni paartiikiloota fuudhanii deeman akkuma armaan olitti bal’inaan ibsaman bishaan yaa’uu, bubbee fi cabbii dha. Ejenttoonni sadeenuu naannolee garagaraa keessatti. Isaans: bishaan naannoolee rooba gaha qabutti, bubbeen naannolee gammoojjii fi cabbiin naannolee dagalee olaanaa fi gaarreen gurguddoo addunyaa irratti. 

   3.2.1.4.  Kuufama (Deposition)

Kuufama jechuun walirraa tuulama (kuufama) maansootaa ejeentoota haramaa adda addaatiin raawwatuudha. Bishaan yaa’uu, cabbii fi bubbeen deemsa keessa wantoota walitti haranii fuudhanii deeman kanneen akka caccabaa kattaalee fi biyyee iddoo adda addaatti tuuluun (kuusuun) suuta suuta teessuma lafaa adda addaa uumu.

  1.   Kuufama Bishaanii

Lageen wantoota adda addaa baatani deeman kan kuusaan yaa’a gara gadii isaaniitti. Akkuma beekamu lageen gara yaa’a olitti humnaa fi saffisaan waan deemaniif waa kuusuu hin danda’an. Yaa’i gara gadii ammoo lafti isaa dakee fi diriiraa waan ta’eef osoo galaana ykn garbaatti hin seenin wanta baatee deemu kuusee darba. Haaluma kanaan wantooti kuufaman kun daaltaa uumu. Naannoo gogaa ta’etti ammoo lafa alluuviyaalii jedhamu uuma.

  1.   Kuufama bubbee

Kuufama inni biraan bubbeen wal-qabata. Wantootni bubbeen ofee (dhiibee) deemu yeroo saffisi isaa xiqqaatu ni kuufama. Hangi kuufamuu wantootaa kun guddina paartikilootaa irratti hunda’a. Paartikiloonni guguddoon dura yeroo kuuffaman warri xixiqqoon immoo itti aanuun kuufamu.

Gochi bubbee kun naannoo gammoojjii bakka biqiloota hin qabnetti raawwata. Haaluma kanaan teessuma lafaa baay’ee ajaa’ibsiisoo ta’antuu uumamu.

  1.   Kuufama Cabbii

Cabbiinis kuufama keessatti qooda ni fudhata. Cabbiin kattaa fi biyyee fudhee deema. Yeroo baqu ammoo wantoota baatee deemuu kanneen akka biyyee fi kattaa ni kuusa. Tuulamni dhagootaa, biyyee fi cirrachaa kun mooraayinii (moraine) jedhama.

  3.2.1.5.  Dambalii Galaanaa fi Teessuma lafaa isaan uumaman

Bishaan galaanaa sochii dagalee fi olee akka gochu ni beekama. Sochiin dalgee dambalii bishaan galaanaatiin deemuu ta’e sababni isaa immoo garaagarummaa bubbee fi kallattii isaa garaagarummaa ho’aa fi garaagarummaa ashabummaati. Egaan dambaliin galaanaa sababoota armaan oliitiin uumamu Guyyaa guutuu osoo wal-irraa hin citin socho’a. sochiin duraa fi boodatti (back and forth) ta’u kun lafa qarqara galaanaa nyaachuun ykn wantoota baatee jiru kuusuun teessuma lafa ajaa’ibsiisoota ta’an uuma. Isaan keessas warren armaan gaditti tarreeffaman warra gurguddoo dha. Isaanis: holqa galaanaa (sea caves), Kuusaa galaanaa (sea stacks),Ispiit, Lagoon, Lafa diriiraa dambaliin kutame (wave cut plat forms), Kuufama cirrachaa (Beaches) fi kkf dha

Teessumni lafaa qarqara galaanaatti uumaman olitti tarreeffaman kanneen baay’ee waan ijatti tolaniif  daawwatoota harkisu.

3.2.2. Adeemsawwan Keessa lafaa fi Teessuma Lafaa Uumaman

                  (Endogenetic processes and Resulting land forms)

Adeemsonni keessa lafaa sababa humnoota kessa lafaatiin uumamamuun keessa fi irra lafaa irratti jijjiiramu fidu. Humnootni kunniin akka armaan gadiitti ibsamanii jiru.

3.2.2.1. Humnoota Teektoonookii (Tectonic Forces)

Humnootni teektooniikii humnoota keessa lafatti argamanii dha. Humnootni kun annisa isaanii jijjiirama keessa lafaatti ta’u irraa argatu. Jijjiramni kunis:

  • Ho’uu raadiyoo aktiivitii ykn deebi’ee wal-makuu keemikaalaa
  • Dhisamuu fi suntuuruu
  • Bakkaa bakkatti kaafamuu(deemuu) wantoota baqoo ta’anii

Humnooti teektooniik raawwii isaanii kan raawwatan adeemsa indoojeenaasii (keessaa) jedhamuun.

  • Adeemsawwan indoojeenas wantoota hedduu of-keessatti qabata. Adeemsawwan kun walumatti diyaastiroofiizimii fi voolkaaniizimii jedhamu.
  • Diyaastiroofiziimiin adeemsa keessa lafaa (indoojeenas) ta’ee jijjiirama baqqana irra lafaatti karaa dadacha’uu, micciramuu, maramuu, cabuu, baqaquu fi dhibamuutiin fiduudha. Adeemsi diyaastiroofiziimii ol-ka’uu, gad-dhooquu, ykn dalga siquu qaama irra lafaa tokko isa biroo irraatti fida.
  • Voolkaanoon ammoo adeemsa wantooti gaazootaa, dhangala’oonii fi jajjaboon keessa lafaa gara gadiitii gara baqqana irratti ykn gara  fuula lafaa irratti ol-darbatamuu dha. Walumaa galatti raawwiin humnoota teektooniikii wal-fakkaachuu dhabuu fi bu’aa ba’ii fuula lafaa irratti fida.

3.2.2.1.1  Diyaastiroofiizimii fi teessuma lafaa isaa (Diastrophism and Associated Landform)

Akkuma olitti ibsame diyaastiroofiziimiin jijjiiramuu fuula lafaati. Jijjiiramni fuula lafaa kunis jijjiirama qabee fi danaa kattaa irratti ta’uu dha. Qaama lafaa irratti raawwateetti jijjirama caasaa teessuma lafaatu ta’a.

Adeemsawwan bu’uuraa fuula lafaa jijjiruu waliin hidhatan:

  • Dadacha’iinsa
  • Babbaqaqiinsa
  1.    Dadacha’iinsa (Folding)

Dadacha’iinsa jechuun dabuu ykn maramuu caasaa kattaa (irratti) keessatti humnoota wal-dhiibaniin raawwatuudha. Humnootni wal-dhiiban walumaa galatti karaa lamaan uumuu danda’u. Isaanis:

  • Yeroo  qaamni lafaa lama walitti deemuu
  • Yeroo qaamni lafaa tokko qaama lafaa dhaabbataa ta’e tokkotti deemuu.

Haala lamaan keessati, kattaan kuus-maansa inni qaama lafaa deeman lamaan gidduu uumamee jiru dhibamuun bokokee ol-ka’a. (keessattu kattaan kuus-mansaa kattaalee jiran keessaa dadacha’iinsaaf saaxilamaadha.) Humnootni wal-dhiiban warri kattaa lafaa dadachasuun dadacha’’iinsa uuman, ka’umsi isaanii wantoota armaan gaditti eeraman keessa tokko ykn isaa ol-ta’uu danda’a.

Wantootni kunis:

  • Kattaa irraa irratti ulfaatinni dabaluu
  • Adeemsa (yaa’insa) Asteenoosfeerii keessatti ta’u
  • Maagmaan baqqana irra lafaa keessa seenuu
  • Dhisamuu ykn kottoonfachuu qaama lafaa muraasaa.
  • Ji’ooloojii keessatti dadacha’iinsi miciirama ijaan hin argamne (a microscopic crinkles) hanga uumama tabbaa fi lafa ciisaa (dachaatti) of-keessatti hammata.
  • Dadacha’iinsi yeroo baay’ee walitti dhufuu pileetootaatii wajjin hariiroo kan qabuu fi qarqara ardiileetti kan raawwatuudha.
  • Dadacha’iinsi lafaa kun ammo uumamuu garreenii fi lafaa dacha fuula lafaa irratti fida.
  • Dadacha’iinsi teessuma fuula lafaa jijjiiruu dabalataan gabaabbachuu fi kottoonfachuu illee bakka irratti raawwate irratti ni fida.                                         

                                            Fakkiii 4:Dadacha’iinsa lafaa (folding)

Jijjiramni caasaa kattaalee inni dadacha’iinsaan raawwatu sochii Orojeenikii (orogenic activity) jedhama. Sochiileen Orojeeniikii ykn sochiilee ijaarsa garreenii (mountain building activities) ammo uumamuu teessuma lafaa garaagaraa gaarreeniin walqabatan fida. (Fakkii armaan olii ilaali.)

    Gaarreen Dadacha’oo (Fold Mountains)

Garreen gosa baay’eetu jira. Ji’oomorfooloojistoonni akaakuu garreenii afur adda basaniiru. Isaanis garreenii voolkaanoo,  garreen tata’oo (Block/Horst), garreen dadacha’oo fi garreen hafoo (residual mts) dha.

Akaakuwwan garreenii afuran keessaa gareen dadacha’oon teessuma lafaa ajaa’ibsitoota ta’an keessaa isaan tokko dha. Garreen dadacha’oon teessuma baay’ee ol-ka’aa fi wal-qabachuun baay’ee dheeratan pilaaneetii keenyaa ti.

Dadacha’iinsi lafa keenya irratti seenaa yeroo dheeraa qaba. Dadacha’iinsi bara piriikaambeeriyaanii irraa jalqabe. Wayitiiwwan ji’ooloojii dadacha’insi itti raawwate baay’ee keessaa warra booddanaa sadan ilaalla. Isaanis:

  • Wayitii Kaaleedooniyaanii (Caledonian)
  • Wayitii Heersiniyaanii (Hercynian) fi
  • Wayitii Alpaayinii (Alpine) ti.
  • Dadacha’iinsi weyitii kaaleedooniiyaanii isa waggoota miiliyoona 320 dura raawwate ta’ee, gaarreen dadacha’oo Ameerikaa kaabaa fi Awurooppaa dhihaatiin beekama.
  •  Dadacha’iinsa Heersiniyaanii ammo gareen dadacha’oo sababa sochii lafaa isa naannoo waggoota miliyoona 240tti ta’een uumameedha. Garreen dadacha’oon wayitii kanaa kanneen akka gareen Uraal, lafa ol-ka’aa Peennineesii fi weelshii Biriitaaniyaa, gaara Haaz Jarman keessaa fi Pilaatoowwan Ol-ka’oo Saayibeeriyaa fi Chaayinaa ti.
  •  Dadacha’iinsi wayitii kaaladooniyaanii, Heersiniyaaniifi isaan kana lamaan dura raawwatan walitti qabaatti garreen dadacha’ooyeroo durii jalatti qoodamu. Garreen dadacha’oon yeroo durii warra dhiqama ykn harama hamaaf saaxilamaniifi kanneen yeroo har’aa jijjiirama fuula lafaa irratti hin mul’ifne dha.
  • Dadacha’iinsi alpaayinii warra yeroo baay’ee dhihoo keessatti raawwataniidha. Isaan kun umuriin isaanii waggoota miliyoona 30 ta’a. Kanaafuu, gareen wayitii kana keessatti uumaman garreen dadacha’oo  yeroo dhihoo jedhaamu.
  •  Dadacha’iinsi Alpaayinii daangaa pileetoota walitti deemanii gidduutti (converging plate boundaries) godina hollannaan lafaa cimaa fi sochii voolkaanoo itti danatutti argama.
  • Dadacha’iinsi alpaayinii garreen akka Alpis, Atilaas, Himaaliyaas, Andees, fi Rookiis fa’i. Isaan kana keessaa gaarreen wal-qabatoon koordilleeraa inni gaarri Rookis keessatti argamuu fi wal-qabatoon Himaalaayaa – Alpaayinii (kan Eshiyaa, Awurooppaa dhihaa fi Afriikaa kaabaa keessa diriiruu) amma illee guddachaa jira.
  1.  Babbaqaqiinsa (Faulting)

Babbaqaqiinsi dayya’uu /tarsa’uu lafaa ta’ee bakkaa siquu (displacement or slippage) kattaa isa tokkoo kan biraa irraa kan of-keessatti qabatuudha.

Bakkaa siquun kattaa kun naannoo sarara baqaqaatti/fault line kan raawwatu ta’ee kallattiin bakkaa siquu olee ykn shaffaxa ta’uu danda’a.

Teessuma Lafaa baqaqiinsa waliin walqabatan

Haala sochii (olee, dagalee ykn shaffaxa) irratti hunda’uun gosoota caasaa baqaqiinsaa sadii adda bahaniiru. Isaanis:

  • ‘Normal fault’
  • Thrust  fault (Reverse fault and strike slip)
  • ‘Tranform fault’

Gosoonni babaqiinsaa armaan olitti eeraman kun, humnoota wal-harkisaniin yookiin wal-kiphaniin uumamuu danda’a

Gosa baqaqiinsaa noormaalii jedhamuun teessuma lafaa adda addaatu uumama. Fakkeenyaaf babbaqiinsi lafaa yoo gaarreen walilaaloo gamaagamanatti dhiisee, lafti gidduu jiru mucucaatee (gad-lixe) sulula qiinxamaa uuma. Sululli guddaan addnuyaa haal kanaan uumame.

Haaluma kanaan gaarreen walilaaloonis (Escarpment) lafa gadi-lixe gamaa gamasitti hafe kan bitaa fi mirgaa jiran gad mucucaatan garuu gaarreen tataa’ootu (Horst/block) uumama. Fakkeenyaaf, gaarri Ruwaanzoorii gaarreen Afriikaa gurguddoo keessaa tokko kan ta’eef fakkeenya gaara tataa’ooti. Akkasumas pilaatoon giddu gala Faransaayi (Voosjees) jedhamuu fi bosonni gurraachi Booheemiyaa (The black forest of Bohemia) garee gaarreen tataa’oo keessatti ramadama.  

                                       Fakkii 5:  Babbaqaqiinsaa fi teessuma lafaa isaa

  1.   Hollannaa Lafaa

Baqqanni irra lafaa kattaa akka ta’e beekamaadha. Kattaan kunis hanga laastikumaa (amala wal-keessaa yaa’uu) mataa isaa qaba. Garuu yeroo humni guddaan hanga laastikumaa isaa kanaa ol-ta’ee irratti raawwii adda addaa godhu, Kattichi tarsa’uuf (cabuuf) ni dirqama. Yeroo kattaan kun cabuu ykn baqaqu ammoo sochii ykn kirkirrii ta’u ni jira. Egaan sochii haala armaan olitti ibsameen, irra lafaatti raawwatu hollannaa lafaa jedhama.

Adeemsa kanaan kattaan yeroo cabu annisaan ni gad-dhifama. Humni gad-dhifamuu ammoo kattaalee bakkaa buta. Kattaan bakkaa butame kun aammoo yeroo bakkatti deebi’uuf yaaliin godhamu, humni kattaa isa  bukkeetti yeroo darbu hollannoon darbaa darbaan  itti fuufa. Hollannaan (kirkirri) kun kallattii hundaan bakka madde irraa faca’a.

Bakki hollannaan lafaa madduu fookaasii jedhama. Innis lafa keessatti argama. Fageenyi gabaabaan irra-lafaatti qixa fookasiin argamu eeppiseenteerii jedhama. Hollannaa lafaa sochii kallattiin fuula lafaa jijjiiru miti. Garuu, ta’ee adeemsawwanii fi sochiilee fuula lafaa jijjiiraniin umamuu dha. Sochiileen fuula lafaa jijjiiran kanneen akka dadacha’iinsa lafaa, babbaqaqiinsa lafaa, voolkaannoo fi kkf ka’umsa hollannaa lafaa tiif sababoota dha.

Hollannaa lafaa safaruu (Measuring Earthquake)

Karaaleen ittiin hollannaa lafaa safaramuu baay’eetu jira. Malleen kanneen cimina fi hangaan (Intensity and magnitude) qoodamu.

Cimnaan (Humna badii gessisuun) safarri madaallii hollannaa lafaa kun badii kirkirrii lafaa sun geessisuu irratti kan hundaa’uu dha. Innis kan safaramu miidhaa inni jireenya dhala namaa irratti geessiseen. Ciminni hollannaa lafaa yeroo hundaa humna hollannaa qofaan kan maddumiti.

Wantoonni biroon ka’umsa isaatiif sababa (madda) ta’an ni jiru. Isaanis fageenya eppiseenteerii irraa jiru, akaakuu fi hanga wal-qabannaa kattaa fi qulqullina fi cimina ijaarsaati.

Walumaa galatti, badiin gahu kan guddaa ta’u yeroo hollannaan

  • cimaa ta’u.
  • eppiseenteeriitti dhihoo ta’u
  • yoo kattaa lallaafaa fi wal-qabataa hin taane ta’e irratti raawwate
  • yoo bakka ijaarsaa gad-aanaa ta’etti ta’e dha.

Hangaan Safaruu (Magnitude) – Hangi hollannaa lafaa hundaa safara hamma anniisaa (humnaa)  gad-dhiifamuuti. Innis madaallii dhuunfaatiin osoo hin ta’in kallattiin dambalii seesimiikii safaruu irratti kan hundaa’eedha. Hollannaan kirkira lafaatiin raawwatu meeshaa seesimoogiraafii ykn Seesimoomeetirii jedhamuun galmaa’a. 

Hollannaan meeshaa kanaan argame seesimoogiraafii irratti galmeeffama ykn ol-ka’ama. Seesimoogiraafiin dambalii garagaraa madde agarsiisa. Akkasumas yeroo dambaliin sun dhaabbaticha ga’e ni agarsiisa.

Seesimooloojistoonni hanga hollannaa lafaa Iskeelii Reektar jedhamutti fayyadamuun ibsu. Iskeeliin Reektar dangaa isa baay’ee xiqqaaf bakka zeeroo (0) kenna. Tokko tokkoon  lakkoofsaa iskeelichaa irratti kennamee lakkoofsa isaa gaditti itti aanee jiru hollannaa lafaaharka kudhaniin caaleekan jiruu ta’uu isaa ibsa.

Hanga ammatti hollannaan lafaa baay’ee cimaan galmaa’e hanga Reektar Iskeelii 8.8 kan qabuu dha. Iskeeliin Reektar kun nama Chaarliis Reektar jedhamuun uumame.

Akka daataan waggootaaf walitti qabameetti, lakkoofsi hollannaa lafaa ta’ee fi hangi hollannaa Reektariin waliif fuggisoo dha. Gabateen armaan gaditti kenname hariiroo lakkoofsa hollannaa lafaa waggaa keessatti ta’uu fi iskeelii Reektar jidduu agarsiisa. Akkasumas miidhaa hollannaan lafaa iskeelii Reektar garagaraa qabu kenna.

Gabatee 4   Hanga hollannaa lafaa fi hamma addunyaa irratti ni ta’a jedhamee kan yaadamu

(Earth quakes magnitudes and expected world Incidence)

Hanga ReektarMiidhaa Hollannaa lafaaTilmaama waggaa keessatti
   < 2.5Waliigalatti kan hin dhaga’amne garuu ni galmaa’a.900,000
2.5 – 5.4Yeroo baay’ee dhaga’ama garuu miidha xixiqqaatuu galma’a.30,000
5.5 – 6.0Miidhaa xixiqqaatu caasaalee irratti raawwata.5000
6.1 – 6.9Naannoo uummataa danuu qabutti miidhaa (cimaa) guddaa fiduu danda’a100
7.0 – 7.9Hollannaa lafaa bebbeekamoo, miidhaa baay’ee cimaa20
 > 8.0Hollannaa lafaa isa guddaa dhumiisa waliigalaa naannoo raawwatutti fida.Waggoota 5-10 keessatti si’a tokko

     Balaa Hollannaa Lafaatiin Wal-qabatu

Hollannaan lafaa adeemsa ji’ooloojiitiin alatti kan ibsamu dha. Inni ofii isaatii adeemsawwan ji’ooloojii miti. Haata’u malee raawwiin (taateen) ji’ooloojiin alatti ibsamu kun jijjiirama uumama lafaa wantoota ibsan keessaa taatee kaan kan caaluu dha. Wantootni hollannaa lafaatiin uumamuun miidhaa hollannaa lafaatiin wal-qabate fidan lamatu jira. Isaanis miidhaa jalqabaa fi lammaaffaati.

Miidhaan jalqabaa (Primary consequences) sochii lafaa cimaa isa deemsa kattaa kara karaa cabi jiruun ta’uu dha.  Deemsi qaama kattaa kun wantoota nam-tolchee kanneen akka hidhaa bishaanii, gamoo ijaaramaa fi kkfn walitti bu’uun caccaabiinsa fi badiinsa irratti fiduu danda’a.

Miidhaan lammaffaan (secondary consequences) hollannaa lafaa kanneen akka sigigaachuu lafaa, balaa ibiddaa, ol-ka’uu ykn gad-lixuu kattaa, naannoo bal’aa ykn muraasa weeraruu bishaan garba qaama lafaa qarqara garbaa (tsunami) fi kkf.

Hollannan lafaa tarii balaa fiizikaalaa sodaachisoo lafa keenyaa keessaa isa tokkodha. Lubbuu namoota ni ajjeessa qabeenyas ni mancaasa. Sodaachisummaan isaas akka tasaa uumamuu fi miidhaa guddaan kan wal-qabate ta’uu isaati.

    Gabatee 5:   hollannaa lafaa beekamoo fi namoota du’a

BaraBakka itti raawwateNamoota Du’anHanga Reektar IskeeliinYaada
1290Chihiilii (Hooppee’i)100,000
1556Sheensii, Chaayinaa830,000Balaa uumamaa isa guddaa
1737Kalkaataa, Indiyaa300,000
1755Liisboon, porchugaal70,000Balaa dambalii garbaa isa bal’aa
1906Saan firaansiiskoo Kaaliifoorniyaa7008.25Balaa Ibiddaa miidhaa guddaa fide
1923Tookiyoo, Jaappan150,0008.2Balaan Ibiddaa miidhaa guddaa fide
1960Chiilee Kibbaa51008.4 – 8.7Hanga hollannaa lafaa isa guddaa hanga ammatti galma’e
1970Peeruu660,0007.8Caccabuu guddaa
1971Saan Feernaando, Kaaliifoorniyaa656.5Miidhaan itti fufaan badiin ta’eera.
1985Meeksiikoo70008.7Haalli uumama lafichaa caccabiinsaaf gumaacheera
1988Sooviyeet Armeeniyaa45,0006.9Haalli ijaarsa qulqullina hin qabne badiinsaaf (caccabiinsaaf) gumaacheera.

Faca’iinsa Hollannaa Lafaa

Seesimooloojistoonni akka mirkaneessanitti hollannaan lafaa %95 ta’u lafa (addunyaa) irratti sabbata sadan armaan gaditti kuufamanii jiru:

  1. Daandii qarqara gara-alaa garba paasifiikii. Godinni kun sabbata marsaa paasifiikii (the circum pacific belt) jedhama. Asitti kan humni (annisaan) hollannaa lafaatiin gad-dhiifamuu kuufamee jiru. Sabbatni marsaa paasiifikii naannoo hollannaa lafaa si’ataa of-keessatti qabata. Isaanis Jaappan, Filliippis, Chiilee fi odoloota voolkaanoo baay’ee kan biroo dha. Kanneen wal-qabatoon akka odoloota Aleewutiyaanii fakkeenya dha.
  2. Sabbata naannoo garreen galaana meediteraaniyaa marsanii fi itti fufuun Iraanii fi qaama Himaalayan keessa darbaniiti.
  3. Naannoo Tulluu garbaa jalaa irratti argamanii (along the world oceanic ridge system)

3.2.2.1.2. Voolkaazimii fi Teessuma Lafaa Isaanii

Voolkaanizimiin adeemsa fi sochii wantootni gaazonni, dhangala’oonii fi jajjaboo keessa lafaa maddan baqqanan irra lafaa keessa seenaan ykn irra lafaatti ol-dhuka’anii dha.

Wanoota Haalawwan sochii Voolkaanoo to’atan

Wantoonni haala sochii voolkaanoo murteessan baay’eetu jira. Isaan keessaa warri gurguddoon:

  • jeeqama irra lafaa/kirastaalii (crustal Disturbance))
  • haala uumama maagmaa
  • qabiyyee maagmaa
  • teempireechara maagmaa
  • hanga gaasii maagmaatti makamee

    Bu’aawwan (ta’iiwwan) voolkanoo

Voolkanoon ta’iiwwan armaan gaditti tarreeffaman uuma. keessa lafaatti uumamuu caasaa kattaa adda addaa kanneen dabaree isaanii adeemsaa fi sochii teektoonikii irratti dhiibbaa fidan:

  • uumamuu kattaa kuus-mansaa
  • uumamuu odoloota ykn teessuma lafaa garba jalaa
  • uumamuu garreenii
  • odeeffannoo wantoota lafa keessaa kennuu fi kkf.

   Teessuma Lafaa Voolkaanoon Uumaman

Voolkaanoon bakka kattaa baqaan maagmaa jedhamu qabbanaa’un qorruu irratti hundaa’ee bakka lamatti qoodama.

Isaanis:

  • voolkaanoo lafa keessatti qorruu (intrusive/plutonic/)
  • voolkaanoo irra lafatti qorruu (extrusive)
  1.   Maagmaa lafa jalatti/keessatti  qorru (intrusive/plutonic magma)

Lafa jalatti qorruun maagmaa wantooti murteessan

  • haala dhangala’ummaa maagmichaa (the degree of fluidity of the magmatic materials) fi
  • amala fi caasaa kattaa baqqana lafaati.

Maagmaan baay’ee dhangala’aa ta’e isa furdaa (viscous) ta’e irraa haala salphaa ta’een deema. Akkasumas yoo kattaan naannoo voolkaanoon itti dhoohe sanaa qaawwaa fi baqaqaa qabaate, maagmaa keessa seenuun qorra.

Teessumnmi (uumamni) maagmaa lafa keessatti qorraniin uumaman  baay’een isaanii akka fakkii armaan gadiitti adda bahanii jiru:

Fakkii 6:   Teessuma lafaa maagmaa lafa keessatti qorruun uumaman

Maagmaa Fuula lafaa irratti Qorruu (Extrusive magma)

Sochiin voolkaanoo inni maagmaa lafa keessaa irra lafaatti dhangala’uun qorruu ammo sochii eeksitiruusivii jedhama. Haalli dho’insa voolkaanoo kanaa suuta ykn humnaan (violent) ta’uu danda’a. Qaawwaa ykn baqaqaa ykn boolla maagmaan keessaan ol-dhangala’u irratti hundaa’ee dho’iinsi voolkaanoo bakka lamatti qoodama. Isaanis:

  i. Dho’iinsa fisheerii fi                        ii. Dho’iinsa veentii ti.

  • Dho’iinsi fisheerii isa maagmaan baqaqaa dheerina ykn baay’ina qabu keessan dhangala’uudha. Teessumni lafaa haala kanaan uumaman ammo kanneen akka pilaatoo, garreen wal-qabatoo fi kkf dha.
  • Dho’iinsi veentii isa maagmaan baqaqaa bakka murtaa’a tokkoo ykn qaawwaa tokko keessaan dhangala’uu dha. Teessumni lafaa dho’iinsa kanaan uumaman amala maagmicha (furdinaa fi dhangala’uumaa isaa), qabiyyee maagmichaa fi hanga gaazii maagmaan sun of-keessaa qabu irrratti hundaa’a. Teessumni lafaa haala kanaan uumamanis

* Voolkaanoo shiilidii     * Voolkaanoo doomii (kumuloosii)        * Kireeteerii

*  Kaaldeeraa      * Sindeer koonii         * Kompoosaayit koon * Paaraasaayit koonii  fi kkf dha                              

     Sadarkaa Voolkaanoo (Phases of Volcanoes)

Ji’ooloojistoonni voolkaanoo irra lafaatti ba’uuf sadarkaa afur kennaniiruuf. Isaanis:

  • Voolkaanoo socho’aa (active phase)
  • Voolkaanoo riphaa (dormant phase)
  • Voolkaanoo dhumataa ( Extinct phase) fi
  • voolkaanoo cimaa (Destructive phase) dha.

    Wantoota Voolkaanoo waliin Ba’an

Wayitii voolkaanoon irra lafaatti dho’uu (ol-darbatamu) wantoota garagaraatu ba’a. Isaanis:

  • Lava
  • Gaazoota
  • Wantoota jajjaboo ykn pirookilaastiik ta’aniidha.

Laavaan: maqaa kattaa baqaa maagmaa jedhamu lafa keessa ba’ee yeroo lafa irraa yaa’uuf kennameedha

Maagmaan fisheerii ykn veentii keessan dhufu lafa irra yeroo ga’u laavaa jedhama. Qabiyyeen laavaa sochii isaa fi haala dho’iinsa isaa ni murteessa. Laavaan silikaa danuu of keessaa qabu asiidawaa yoo ta’u inni siilikaa yaraa (muraasa) ykn sibiila baay’ee qabu ammo laavaa beezawaa jedhama. Laavaa asiidawaan furdaa (kantaraa) yoo ta’u inni beezawaa ta’e ammo dhangala’aa dha. Kanaafuu, laavaa asiidawwan sochii suutaatiin waan deemuuf fagoo hin deemuu. Akkasumas ciminaan dho’a ykn dhuka’a. Laavaa beezawaan saffisaan waan socho’uuf fageenya dheeraa deema. Suutan jedhee dho’uunis beekama.

Gaazoota: Hurki bishaanii, CO2, Sulfar daay-oksaidii, haayidroojiin salfaayidii, kilooriinii, Filooriinii hundi isaanii gaazota yeroo voolkaanoon dho’an wajjin bahaniidha.Gaazoonni kunis warreen voolkaanoon akka humnaan dhuka’u godhanii dha.

Wantoota jajjaboo (pirookilaastik): Laavaa fi gaazotatti dabalatan wantoota caccaboon jajjabaa ta’an voolkaanoo waliin ni dho’u. Wantootni jajjaboon kunis pirookilaastiik jedhamu. Kana keessa jahan isaanii baay’ee beekamoo dha.

  1. voolkaanik Bireekiyas (volcanic Breccias)
  2. Puumis (pumice)
  3. Iskooriyaa (scoria)
  4. Laapillii (lapilli)
  5. Voolkaanik boombis
  6. Tuuf

Faca’iinsa Voolkaanoo Addunyaa

Faca’iinsi voolkaanoo sochii pileetootaa keessattuu qarqara ardiilee bakka dadacha’iinsi fi babbaqaqiinsi cimaan jiru waliin walqabata. Voolkaanoo socho’aa ta’an 600 oliif voolkaanoo riphaa fi dhumataa kumaatamatti lakka’amantu jiru.

Isaanis bakki itti argaman:

  • Qarqara dhihaa Ameerikaa kaabaa fi kibbaa
  • Sarara tulluu jala garba Atilaantikii (miid-atlaantiik riijiin) walqabate jiru.
  • Giddu gala bahaa fi sulula guddaa baha Afrikaa
  • Godina garreen yeroo dhihoo (qarqara Afriikaa kaabaa, kibba Awurooppaa fi kibba Eeshiyaa)
  • Godina marsaa garbaa paasifikii (pacific ring of fire)

3.3. Qaammman Bishaanii Gurguuddoo fi Argama isaanii

Bishaan qaama lafaa keessaa bal’ina olaanaa (%75) kan haammatuudha.  Waliigala qaama bishaanii  keessaa harki guddaan (%97) bishaan ashabaawaa garbootaa fi galaanotaa tajaajila dhugaatii, qulqullinaaf, nyaata qopheessuuf, qonnaa fi warshaaleef mijataa hin taane yoo ta’u %3’n hafte qofatu bishaan miti-ashabaawaadha (fresh water) fi kan jiruu ilmaan namaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo olaanaa qabudha. Qaamman bishaanii ashabaawaan garboota fi galaanota kan hammatu yoo ta’u, bishaan qulqulluun (fresh water) kan jedhaman laggeen, haroowwan, burqaa fi bishaan lafa jalaati.

Addunyaa kannarra wanti akka bishaanii bal’inaan argamu kan hinjirre ta’us sababa faca’iinsaatiin (distriution) walqabatee hanqinni bishaan qulqulluu pilaaneetii teenyarratti gaafii dhalootaa dhalootatti darbaa jiruudha. 

3.3.1. Garboota (Oceans)

Galanonni walitti dhufanii garba uumu. Galaanni garba guddaa irraa kan ittiin daangeffamu qaama dachee qaama bishaanii keessa seenunidha. Garbootni pilaaneetii keenya irrati bishaan gurguddoo qofa osoo hin ta’in qabeenya bishaanii isa guddaadha.

                     Fakkii 7: Garboota Addunyaa

3.3.1.1. Faayidaa Garbootaa

  • Madda nyaataati, albuudaa fi humnaati (energy)
  • Madda jiidhiinsaa (moisture) qilleensa marsaa lafaati
  • Madaallii (balance) teempireechara qilleensa addunyaa eeguu keessatti shoora olaanaa bahu
  • Karaa daldalaa ta’anii(geejjibaaf) tajaajilu

3.3.1.2. Garboota gurguddoo Addunyaa

Addunyaarra garboota gurguddoo 4tu jira. Issaanis:

  1. Garba Paasfikii
  2. Garba Atilaantikii
  3. Garba Hindii
  4. Garba Arkitikii
  5. Garba Pasfikii       

Garbi kun bal’ina lafaa km2 miliyoona 181 kan qabu yemmuu ta’u 1/3  qaama dachee fi ½  bishaan garbawwan addunyaa qabata. Kanaafuu garbi kun qaama bishaanii guddicha addunyaati. Dheerinni isaa kaaba lafa qalloo Beeringii jedhamuu irraa kaasee hamma kibba keeppi Adaaree jedhamuutti Km 14,880 ta’a. mudhii lafaa irraa Km 16,000 fagaata. Garbi kun bahaan Ameerikaa kaabaa fi Ameerikaa kibbaatiin akkasumas dhihaan Eeshiyaa fi Awustraaliyaan daangeffama.

Garbi Paasfikii galaanota moggaa armaan gadii of keessatti haammata:

Isaanis:

  • Galaana Jaappaanii
  • Galaana Chaayinaa
  • Galaana kooraalii (baha Awustraaliyaa)
  • Galaana Jaavaa

Garbi Paasfikii odollan 20,000 of keessaa kan qabu yoo ta’u, odola Jaappaanii fi Niwuzilaandii isaan gurguddoodha.

Gadifageeny giddugaleessaa garba kanaa m3940. Iddoo gadifagoon garba kanaa ‘Chaalenjar Diip’ dhahannoo Maariyaanaa keessatti argamu ta’ee m11,033 sirrii galaanaa gadi fagaata. Kanaafuu garbi kun gadifageenyaanis sad. 1ffaa irra jira.

  1. Garba Atilaantikii

Garbi kun paasfikiitti aanee sadarkaa 2ffaa irratti kan argamu yoo ta’u bal’inni isaa  ½ ffaa garba Paasfikii fi 1/6 qaama dacheeti. Bal’inni isaas km2 miliyoona 81.6. Danaan garba kanaa qubee ‘S’ fakkaata. Sababa oldhiheenya qarqara garbichaatiin ¼ffaan qaama bishaan kanaa gadi fageenyi isaa m1000 hin caalu.

Garbi Atilantikii kallattii dhihaatiin Ameerikaa Kaabaa fi Kibba, kallattii bahaatiin immoo Afrikaa fi Awurooppaadhaan daanggeffama. uumamaan garbi kun walakkeessaa ardiitti (central location) waan argamuuf karaa daldala biyyoota Ameerikaa kaabaatii fi Awurooppaa ta’uun tajaajilaa tureera.

Qarqara garba Atilaantikii keessatti galaanonni armaan gadii ni argamu:

  • Galaana Meeditiraaniyaan
  • Galaana Kaaribiyaan
  • Galaana Baaltikii
  • Galaana galfii (gulf)  Laawreensii Ameerikaa kaabaati
  1.  Garba Hindii

Garbi hindii kallattii dhihaatiin ardii Afrikaa, bahaan ardii Awustiraakiyaatiin kan daangeffama ta’ee kibbaan immoo garba Atilaantikii fi Paasfikiitiin walitti fulla’a. Garbi Hindi bal’ina lafaa km2 miliyoona 73.4 qaba. Galaanni Diimaa fi galfiin (gulf) Parshiyaa akka qaama garba kanaatti fudhatama. Iddoo gadifagoon garbichaas dhahannoo(trench) Jaavaa yoo ta’u fageenyi isaas sirrii galaanaatii gadi m7215.

  1. Garba Arkitikii

Garbi kun ardii Ameerikaa kaabaa, Awurooppaa fi Eeshiyaatiin marfamee argama. Bal’ini isaas km2 miliyoon 14.3 yoo ta’u garboota hundarra isa xiqqaadha. Saayintisttoonni hedduun garba kana akka qaama garba Atilaantikii ta’eetti ibsu. Argama isaarraa kan ka’e ‘garba kaabaa’ (Northern Ocean) jedhamee beekkama.

3.3.1.3. Sochiilee Bishaan Garbawwaanii

Bishaan garbawwanii sochiilee lama adeemsisa. Isaanis:

  1. Sochii dalgaa (horizontal movement) fi
  2. Sochii olee (vertical movement)

Sichii dalgaa yoo jennu sochii dambalii bishaan garbaatiinn adeemsifamu jechuudha. Addunyaa irratti dambaliiwwan garbaa gosa 2tu jira: dambalii garbaa ho’aa (warm ocean current) fi dambalii garbaa qorraa (cold ocean current) jedhamu.

Dambaliiwwan garbaa sababoota garagarummaa fi kallattii bubbee addunyaa, garaagarummaa ho’a qillensa addunyaa, fi ashabummaa (salinity)tiin  kan uumamaniidha. Dambaliiwwan garbaa addunyaa isaan beekkamoon kanneen armaan gadiiti:

  1. Dambalii garbaa Beenguwaalaa
  2. >>            >>    Peeruviyaanii
  3. >>             >>   Moozaambikii
  4. >>             >>    kaanaarii 
  5. >>              >>    dhiha Awustraliyaa
  6. >>              >>    kaaba mudhii lafaa
  7. >>              >>  Kibba Mudhii lafaa
  8. >>              >>  Falk Laandii
  9. >>              >>  Laaboraadoorii
  10. >>           >>  Kamachatikaa  
  11. >>               >> Baha Awustiraaliyaa
  12. >>              >> Biraaziilii                                            

Fakkii 8: Dambaliiwwan Garbaa Addunyaa

Gama birootiin sochii olee (vertical movement) yemmuu jennu, socii bishaan inni ho’aan sababa olka’oo fi inni qorraan immoo gadi lixuun gaggeefamu jechuudha.

Laggeen (Rivers)

Laga jechuun qaama bishaanii ta’ee kallattii of danda’een gara haraa, galaanaa ykn garbaatti fi kkf tti yaa’a isaa kan fixatuudha. Kallattiin yaa’a laggeenii lafa olka’aa  iraa lafa gadaanaatti ta’a.

Waa’ee lagaa ilaalchisee yaada rimeewwan tokko tokko armaan gaditti dhiyaataniiru:

  •  Bakki lagni yaa’a eegalu madda lagaa (source) jedhamu,
  • Iddoo lagni yaa;a itti fixatu xumura ykn cita lagaa (mouth) jedhamee beekkama,
  • Karaan lagni irra yaa’u yaa’a lagaa (channel)  yoo ta’u,
  • Iddoo laggeen walitti dabalaman waldaha lagaa (confluence)jedhama,
  • Laggeen xixiqqaan laga guddaatti makaman gabbaartota ykn hoosiftoota (tributeries) kan

            jedhamu ta’ee;

  • Sirni guutummaan lagaa, hoosiftoota, irraa cittoota (ditributeries) naannawa sana dabalatee

          waliigalatti sirna yaa’iinsa ykn lola’iinsa lagaa (drainage system) jedhamee,

  • Gama birootiin sirni yaa’insa laga tokkoo kan biroo isatti dhihaatee jiru irraa kan ittiin adda bahu lafa olka’aa hira lagaa (water shed or devide) yoo jedamu lafti hoosiftoota gidduutti argamu immoo luugoo lagaa (interfluves) jedhamuun waamamu.

Haroota (Lakes)

Haroo jechuunqaama bishaanii kan lafa gadi dhooqaa (depression) ta’e keessatti kuufamuudhaan osoo hin yaa’in ciisee argamu jechuudha. Bishaan haraa bishaan roobaa, laggeenii, cabbii fi bishaan lafa jalaa (ground water) irraa kan walitti qabameedha.

Haroo baay’een fuula lafaarratti argaman gariin isaanii dhaabbataa kan jiraatan yoo ta’u gariin isaanii immoo umuriin isaanii tibbootaan lakkaa’ama. Kana jechuun haroo baa’een yeroo gannaa bishaan kuufatanii kan guutan yemmuu ta’u tibba bonaa immoo tasuma kan goganii fi dhabaman ni jiru. Kanaafuu, haroonni kan bishaan kuufatan qofa osoo hin ta’in ofii isaanii illee adeemsa hurkaa fi lafatti xuuxuun (seepage) of irraa dhabu jechuudha. Walumaagalatti bal’inni hara tokkoo irra caalaa kan murtaa’u hamma roobaa naaannoon haroo sun argatu, hamma hurka naannichaa fi hammaa xuuxamuu bishaanii irratti kan hundaa’u ta’a.

BOQONNAA AFUR

QILLENSA BARAMAA, BIQILOOTA FI BIYYEE

4.1. Hiika fi Garaagarummaa Qillensa Baramaa fi Jijjiiramaa

Jechi Qilleensa Baramaa (Climate) jedhu kan madde jecha Giriikii durii “Klima” jedhurraa yoo ta’u karaa salphaa ta’een yoo hiikamu haala giddugaleessa qilleensa jijjiramaa ti. Akka Dhaabbata Meetrooloojii Addunyaatti qilleensi baramaa haala qilleensa naannoo yookiin biyya tokkoo kan akka ho’a, rooba, bubbee, dhiibbaa qilleensaa, duumeessa, Jiidhiinsa, fi aduu, kkf jiddugaleessaan bakka tokkotti yeroo dheeraaf (ji’aa hanga waggoota hedduutti) kan mul’atuudha

 Karaa biraatiin, qilleensi baramaa haallan qabiyyeewwan qilleensaa kan naannoo bal’aa tokko guyyaa guyyaan mul’atan walitti qabamee jiddugaleessummaan yoo xiqqaate waggoota 35 fi isaa oliif kan shallagamee argamuudha.

Qilleensa Jijjiramaa (Weather):  Jijjirama haaloota qilleensaa guyyaa guyyaan, torban torbaniin, ji’a ji’aan  fi waggaa kessatti mul’atuudha. Qilleensi jijjiramaan jijjirama haalota atamoosfeeraa kan yeroo gabaabaa ti. Yeroon kunis daqiiqaa irraa kaasee hanga waggaatti  ta’e, yeroo kana keessatti qilleensi jijjiirama amala isaa ni calaqqisiisa. Gama birootiin qilleensi jijjiiramaan wal makiinsa ta’eewwan guyyaa guyyaa keessatti mul’atuudha.

Qilleensi jijjiiramaan haaloota qilleensaa kan akka roobaa, ifa aduu, dumeessa, bubbee, cabbii, lolaa, balaqqee fi bakakkaa, ho’a kkf of jalatti kan qabatuudha. Bifa walitti fufiinsa  qabuun wantoota kan safaruu fi galmeessuun waa’ee qilleensa baramaa naannoo (biyya) tokkoo murteessuuf nama gargaara.

Qilleensi jijjiramaan kun bakka bakkatti wal hinfakkaatu. Naannoo nuti itti jiraanuutti, haallii qilleensa guyyaa, ho’aa, gogaa fi aduu yoo qabaate, iddoon biroo ammoo faallaa kanaa  dumeessa, rooba, cabbii fi garmalee qorra qabaachuu  danda’a.

4.2. Dagalee lafaa, Sirrii Sammuu Aduu fi Teempireechara

Fuullii lafaa  sababoota adda addaa  irraa kan   ka’e  anniisa aduu  walqixa hin argatu . Wantoota facaatii ho’aa fuula lafaa irratti dhiibbaa godhan keessaa kan akka dagalee, olka’insa lafaa, fageenya garbaafi galaana irra jiru fi kkf dha.  Isaan kun ta’ewwan  ji’oogiraafii jedhamu. Insoleeshiniin  qaama lafa ofitti dhufanirtii ta’ewwan astronomi  kaltiidhaan  dhiibbaa godhan keessa: Dagalee (kofa-aduu), geengoo /orbitlafa/fagenya aduu, dheerina  guyyaa fi halkanii   fi kkf.  

  Dagalee lafaa– ilaachisee yaada kofa  aduutiin  walqabatudha. kunis kofni carrallaa  aduu jabina ho’aa qaama lafaa gahu murteessa. Carralaan biiftuu/aduu/ kofti isanii  wirtuu sirri  samuutiin yeroo lafa gahu (900 vertical) ho’ii  lafti argatu guddaa  ta’a. Kanafuu  carrallaan   biiftuu(aduu)  qaama lafa muraasa  ta’e   qofa  uwwisu. Gara biraatiin carrallaan biftuu dagaleen tarra’aan garuu ciminni, oo’a isaanii  dagalee     olaanattii   aanaa deemaniin  humni ho’a isaanii  dadhabaa   adeema.

Haaluma  kanaan, carralaan biftuu naannoo lafa bal’aa ta’e uwwisan  hangi ho’a  isaanii  xiqaachaa deema.   Carrllaan  biftuu  naannoo lafaa muraasa ta e uwwisan garuu  ho ‘a gudda ta’e argatu.  Sababa  kanaa irraa kan  ka’e Mudhiin   lafaa ho’aa gudd ta’e  argata. Carralaan  biftuu naanoo bantiilee irratti  lafa bal’aa ta’e uwwisaa kan deeman waan ta’ee fi humni carralaa  biftuu  naannoo bantiilee  irratti  hir’achaa  kan deemmu  waana ta’ef  naannoon  kun   ho’a  xiqaa ta’e qaba. Gara biraatiin naannoo  bantiilee  irrati baqqaanni qilleensaa  kan mudhii lafa caalaa  yabbuu wan ta’eef haala fudhatiinsa anniisa akka xiqaatu fi akkasumas halli calaqqee biiftu  akka  gudda ta’u  taasiseera.                     

  Dhimmi dagaleen walqabatu inni biraa- dheerina  wayitii  ifa aduuti . kana jechuun   guyyaan  dheerannaan  hangi anniisa aduu  irraa  argamu  gudda  tu’u mul’isa. Waqitiileen walqabate, dheerin guyyaa fi halkanii garaagarummaa qaba. Dagaleen tropikaalaa dheerina guyyaa qabuun tempreechara  guddaa ta’e qaba. Bantiileen dheerna guyyaa  gababaa ta’e waan qabaniif temprechara  xiqqaa ta’e qabu.Waqtilee  adda addaa keessatti  dagalee lafaa  irratti kofni  aduu maal akka fakkaatu shallaguun ni danda’ama. Ji’a waxabajjii guyyaa 21ffaa ALAtti aduun Tiroopikii kaansarii (23½0ka) ,  Ji’a Muddee 22ffa naanno Tiroopikii   kaapirikornii  (23½0 ki) irra oolti. Kanaafuu dagaleewan naannolee hemisfeera kaabaa fi kibbaa  irrati garaagarumaa insoleeshinii safaranii ilaalun ni dandama. Fkn. aduun Tiropikii kaansarii  23½0ka irra yeroo oltu, Tiroopikii kaapirikorniirratti  kofni  aduu digrii 430 dha. Kunis  foormulaa kofa aduu= 90o –garaagarummaa dagalee argama sirrii sammuu aduu fi iddoo gaafatamnee ta’a. asirratti garaagarummaa dagalee yeroo herreegnu, iddoon gaafaatamnee fi sirriin sammuu aduu hemisfeera tokkorratti kan argaman yoo ta’e hir’isuun, yoo hemisfeera garagaraa ta’e immoo ida’uun hojjatama. Haaluma kanaan, fkn armaan olii yoo hojjannu, 900-(23½0 +23½0) =430 ta’a. Gama biraatiin yeroo sirriin sammuu aduu sarara kaansariirra jirtu kofni aduun bantii kaabaa ittiin argattu meeqa?  Kofa aduu= 900 – (900-23½0)= 23½0 . Naannoo hemisfeera  kaabaa   fi  kibbaa  waqtiilee  adda   addaa fudhanne   haala insoleeshinii   hubachuun     ni     dandama.  

DagaleeKofa aduu waqitii gannaaKofaaduu waqitii bonaaGaraagarummaa
900   (kaaba)23.50    /kibba/                  23.5
70043.50               43.5
661/2047047
50063.516.547
231/20904347
20086.546.540
10076.556.520
0(Mudhii Lafaa)66.566.50
200 (Kibba)46.586.540
231/20439047
50016.563.547
661/2004747
800033.533.5

                            Gabatee 7:  Garaagarummaa  Insooleeshinii  Waqitileedhaan                         

  Karaalee Anniisaan ittiin darbu (ways of energy transfere)

Sirna  qilleensa  marsaa lafaa keessatti maloonni anniisaan ittiin  daddarban  keessaa  beekkamoon kanneen armaan gadiiti.

  1. Raadiyeeshinii (Radiation): Raadiyeeshiniin maloota anniisaa ittiin darbuu keessaa isa tokkodha. Malli kun mala ifaa ykn ho’a bakka maddaatirraa  gara qaama biraatti  dabarsuudhaaf   fayyaduudha. Malli  ho’a  dabarsuu  kun meeshaalee  ykn    qaama   fiizikaalawaa   kan  hin barbaanedha. Haala  ho’aa  bifa humna dambalii (weeviitiin)  aduu irraa qaama lafaa biraa  itti gahuu fi  akkasumas  oo’ii qaama lafaa   gara qilleensa  naannotti  deebi’ee qilleensa  naannoo  itti  ho’isuudha. Walumagalati  ho’ii qaama   aduu irraa  maddu  mala  dadadabarsaa   raadiyeshiniitin   lafa   kan   gahuudha.  
  1. Kondaakishinii (conduction): walitti bu’insa qaamolee molokuulaatiin  kan umamuudha. Mala kana keessattii  sochiin oo’aa kan darbuu sosochii  molokuulonni iddoo tokko irraa  gara  iddoo  biraatitti  godhaniin. Kanaafuu, maalli  kun mala  dadabarsaa  meeshaaleen geggefamuudha. Fakkenya siibiila ibidda keessa kaa’uudhaa yaada mala dabarsaa  kondaakishinii  hubachiin  ni dandama.
  1. Koonveekshinii (convection):  malli dabarsa ho’aa kun maaliidha?  Yeroo qorraa, hafuura  kee  gara alaatti  baasuudhaaf  yaalii godhii?   Sochiin dabarsuu ho’aa kun garaagarummaa  rukkinna molekuulotaa irraa kan umamuudha. Qilleensi  iddoo ho’ii   guddaa    jiruu  irraa gara qilleensa  qorraattii akkasumas  iddoo qorraa  ta’erraa gara ho’aa  ta’etti  daddarba. Kana  irra ka’uudhaan  yaada   yaalii   dhiyeesuun  ni dandama. Shaamaa (xombora) ifa qabuu fi cabbii idoo tokko  kaa’uudhan adeemssa   dabarsa oo’a kanaa hubachuun ni dandama.
  • Dhiibbaa Qilleensa Marsaa Lafaa fi Bubbee

Dhibbaa  Qillensaa   fi Bubbee (air pressure & wind)

Dhiibbaa qilleensaa jechuun gabaabumatti ulfaatina qilleensi bakka murtaa’aa tokko irratti qabuu jechuudha. Oval: HSochiin qilleensa marsaa lafaa ta’eewwan fi wantoota walxaxoo fi dinqisiisaa dachee kanarraa kan ta’an keessaa isa tokkoo dha. Sochiin qilleensaa kan ta’uu humnoota garaagaraatiin. Humnooni kun sochii qilleensi marsaa lafaa dagalee fi oleetti taasiisu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Humnooni sochiin qilleensaa kallatti dalgaatti akka raawwatamu kanneen taasiisan:  Graadiyeentii dhiibbaa qilleensaa, Humna koroyi’oolisii (Coriolis force), humna rigataa (firiction), fi humna   seentiripeetaalii ti.

Graadiyeentiin dhiibbaa qilleensaa: fageenya waliin dabalaa deemuu (jijjiiramuu) dhiibbaa qilleensaa ti. Wantii kun gatii/hanga fi kallattii qaba. Gaadiyeentii kanaan humni walqabatee qilleensa sochiisu humna graadiyeentii dhiibbaa qilleensaa (Pressure Gradient Force) jedhama. Humni kun daddabarsa ho’aa kan mala kondaakshiniin wal-fakkaata. Humni kun iddoo dhibbaa guddaa irraa gara dhiibbaa qilleensaa xiqqaatti qilleensi akka sochoo’uu taasiisa.

Faca’iinsa Dhiibbaa Qilleensa Dagalee fi Olkaa’iinsaan

  1.  Faca’iinsaDhiibbaaQilleensaaOlka’iinsaan: Ulfaatinni qilleensaa dabalamuu olka’iinsa lafaa waliin ni hir’ata. Sababnis qilleensi naannoo lafaatti aanuu yabbuu wana ta’eefii dha. Dimshaashumatti ulfaatinni qilleensaa marsaa lafaa 50% ta’u olka’iinsa meetira 5000 gaditti argama. Ulfaatinni qilleensaa 90% ta’uu ammo meetra 20,000 gaditti arganna.  Hariiroo dhiibbaa qilleensaa fi olka’iinsa lafaa jirdduu jiru gabatee armaan gadii irraa yaa ilaaluu.
Olka’iinsa lafaa (meetiraan)Dhiibbaa qilleensaa (Mbn.)
0 (Sirrii Galaanaa)1013.2
1000898.8
2000795.0
3000701.0
4000616.6
5000540.4
8000356.5
10000265.0
500000.78

                     Gabatee 8:  Hariiroo  olka’iinsa lafaa   fi dhibbaa qilleensaa

  • Faca’iinsa Dhiibbaa Qilleensaa  Dagaleen: Hangi dhiibbaa qilleensaa bakka bakkatti (dagaleen)  fi  yeroodhaa yerootti garaagarummaa  qaba.

Sababooni kanaatis:

  1. Adda addumaa hamma raadiyeeshiinii
    1. Garaagarummaa harkisa dachee kan dagalee adda addaa Fkn. Bantiilee  biratti guddaadha.
    1. Garaagarummaa  hanga  huurka bishaanii qilleensa keessaa
    1. Ulfaatina qabeee qilleensa murtaa’eee tokko
    1. Garaagarummaa Ho’iinsaa

Akka Addunyaatti galmeen/riikardiin faca’iinsa dhiibbaa qileensaa dagaleen gabatee kanaa gadii keessatti ibsameera.

        Gabatee 9: Galmee/rikordii  dhiibbaa qilleensa Addunyaa

Haala  Dhiibbaa QilleensaaHanga Dhiibbaa QilleensaaYerooIddoo
Dhiibbaa J/Galeessaa990- 1013mb———–Jiddugaleessa addunyaati
Dhiibaa guddaa1086mbMuddee31, bara 1961Agaataa (Saayibeeriyaati)
Dhiiba xiqqaa870mbOnkololeessaa 12, bara 1979Odola Maariyaanaa                     (Garba paasifiik)

Faca’iinsa Sabbata Dhiibaa qilleensa Addunyaa:-Addunyaa  kanarratti sabbata dhiibbaa qilleensaa afurtu jira. Isnaanis:-

  1. Sabbata Dhiibbaa qilleensaa xiqqaa Naannoo Mudhii lafaa (Inter tropical Convergence Zone/ITCZ or Equatorial Low)
  2. Sabbata Dhiibbaa Qilleensaa Guddaa Gartokkeen Tiroopikii (Horse latitude or sub-tropical high pressure belt).
  3. Sabbata Dhiibbaa qilleensaa xiqqaa Gar-tokkee poolaarii (sub-polar low pressure belt)
  4. Sabbata Dhiibbaa qilelensaa Guddaa poolaarii (Polar High pressure belt)

Wiirtuwwan  Dhiibbaa  Qilleensaa:

Wiirtuun dhiibbaa qilleensaa bakka  bubbeen irra aka’uu fi itti bubbisuu dha. Addunyaarrattiwiirtuwwankuhaalawalfakkaatuunfaca’aniihinargaman.Sababoonis:-

  1. Teessumni lafaa Homoojiinasii ta’uu dhabuu (Laftii fi Bishaan walqixa faca’anii hin jiran).
  2. Temprecharri Naannoo lafa awaqitii wlaiin jijjiramu.

Wiirtuwwan dhiibbaa qilleensaa marsaa laftii naannoo aduutti gootu waliin siiqa. Fknf ji’a Adooelessaa (Waqtii Gannaa) biiftuun naannoo sarara kaansariitti argamti. Yeroo kana wiirtuun dhiibbaa qilleensaa Heemisfeera kaabaa guddaan dagalee 300 ka  irraa gara 400 ka. ti siiqa. Kan Heemisfeera Kibbaa ammo 300 ki  irraa gara 20ki tti siiqa.

Ji’a Amajjii (wayitti Bonaa):- ammo biiftuun naannoo kaaprikoorniiti waan argamtuuf wiirtuun dhiibbaa qilleensa guddaan Heemisfeera kabbaa dagalee 300 ki gara 200 ki siiqa.

         Ji’a Bitooteessaa fi Fulbaanaa biiftuun mudhii lafaarra jirti. Yerookan wiirtuun dhiibbaaqilleensaa guddaan dagalee 300 ka fi ki tti uumama. Dhiibbaan qilleensa xiqqaan ammoo naannoo mudhii lafaa fi dagalee 600 ka fi Ki tti uumama. Walumaa galatti sochii lafti naannoo aduutti taasiiftuun wiirtuun dhiibbaa  qilleensaa iddoo tokkootti  dhaabbataa miti.

  • Bubbee   fi   Faca’iinsa   isaanii

Bubbeen qilleensa sochii qabuudha.Sochiin kun irra guddaa gara dalgaa fi fuula lafaarratti waltarree kan ta’eedha. Humnooni bubbeen (qilleensi) kara dalgaa akka sochoo’uu godhan:-

  1. Humna Graadiyeentii dhiibbaa qilleensaa
  2. Humna koriyoolisi
  3. Humna Seentiripeetaalii
  4. Humna walriguu fi kkf waa’ee humnoota kanaa mata duree ka’umsa sochii qilleensa marsaa lafaa jalatti dhiyaateerra yaadadhuu.

Bubbee Naannoo (Local Winds)

Bubbeen kunniinbubbee naannoo tokkotti irra caalaa beekamuudha. Bubbeen kun haaloota naannoo sanaatiin kan to’atamuudha. Fkn Gaarreen, sulula, Bishaan, Dachee fi kkf. Bubbeen naannoo gosoota garaagaraa ni qaba. Isaanis:

  1. Bubbee Gaaraa
  2. Bubbee Sululaa
  3. Bubbee Galaanaa irraa
  4. Bubbee Lafarraa fa’a

Bubbee Addunyawaa (Planetary winds)

 Bubbeen Addunyaawaa bubbeewwan addunyaa guutuu irra bubbisanii dha. Faca’iinsa bubbee addunyaa yoo ilaallee hemisfeera lamaan keessatti sabata bubbee (wind belts) afur addaan baasuun ni danda’ama. Isaanis sabbata:-

  1. Bubbee Treedii (Trade winds)
  2. Ikuwaatoriyaal Weestarliis (Equatorial westerlies)
  3. Midlaatitiyuud Weestarliis 9Midlatitude westerles)
  4. Poolaar Istarliis (Polar easterlies) fa’a.
  5. Bubbee Treedii (Trade Winds): Bubbeen kun maqaa garaagaraatiin beekama Isaanis bubbee tiropikaal bahaa (Tropical Esterlies), bubbee kaaba bahaa (North East Trade winds), bubbee kibba bahaa (South East Trade Winds) fi Bubbee dhihaa naannoo mudii lafaa/Ikuwaatooriyaal Weestarliis (Equatorial Westerlis) dha. Jechi Treedii jedhu jecha Jarman yoo ta’u “kallattii dhaabbataa ta’uu” agarsiisa.

                               Fakkii 9: Faca’iinsa bubbee addunyaawaa

Maddaa fi Argama:- bubbeen kun wiirtuu dhiibbaa qilleensaa guddaa gartokkee Tiroopikii dagalee 300 kaaba fi 300 kibba irraa madda.

Xabiyyoota:

  • Kallattii dhaabbataa ta’e qabu.
  • Saffisa dhaabbataa km 16-30/sa’aa ta’e qabu.
  • Naannoo bal’aa irra bubbisu.
  • Waqitii bonaa baayee cimina qabu                                                                                          
  • Bubbeen lamaan N.E. Traade wind S’ S.E trade windsabbata dhibbaa qilleensa xiqqaa naannoo mudhii lafaatti (ITCz) walkiphu.
  • Walkiphiinsi isaanii garbarratti wlaitti fufiinsaan yoo mul’atu lafarratti garuu bakka fi yeroodhaan adda addumaa qaba.
  • Heemisfeera kaabaatti   ka- Ba   gara  ki- dhi      bubbisu.
  • Bubbee Ikuwaatooriyaal Weestarliis (Equatorial Westerlis: Maddaa fi argama: naannoo Galoo Galaana Giinii ykn Atlaantiikii irraa madduu.

Xabiyyoota:

  • Itti fufiinsa bubbee Treedii kibba baha heemisfeera kibbaatti.
  • Bubbeen treedii kibba bahaa kun mudhii lafa aqaaxaamuruun kallatti isaa gara bahaatti waan    

    jijjiruuf kan dhiharraa dhufee fakkaata.

  • Balinaan kna bubbisuu lafa Afrikaafi Eshiyaarratti.
  • Bubbee rooba gannaa guddaa Itoophiyaa fi biyyoota Afirkaaf fiduudha.
  • Eshiyaa keessatti Moonsuunii gannaa jedhamee beekama.

 Bubbee Dagalee J/Galeessaa Weestarliis (Mid-latitude Westerlies).

Xabiyyoota:

  • Heemisfeera kibbaa keessatti cimaadha.
  • Heemisfeera kibbaatti kallattii dhaabbataa qaba.
  • Heemisfeera kaabaatti garuu kallattii fi safiisni isaa jijjirama agarsiisa.
  • Sababni jijjirama amala kanaatis:
    • Qaamni dachee gurguddoon jiraachuu
    • Bu’aa bahiin  teessuma lafaa  jiraachuu.
    • Faca’iinsi dhiibbaa qilleensaa wagitii waliin jijjiramu
  • Heemisfeera kaabaatti kallattii kibba- dhihaa gara Kaaba-bahaa tti bubbisan.
  • Heemisfeera Kibbaa tti ammo kallattii kaaba-dhihaa gara kibba-bahaa tti bubbisu.
  •   Bubbee Poolaar Istarliis (Polar Easterlies)

Maddaa fi Argama: Maddi bubbee kanaa sabbata dhiibbaa qilleensa guddaa poolaarii (dagalee 900  Kaaba fi Kibbaa) dha.

Xabiyoota:

  • Dagalee 900 Kaabaa fi Kibba irraa gara Sabbata dhiibbaa qilleensa xiqqaa gar-tokkee poolaaritti (sub-polar low) bubbisan.
  • Heemisfeera lamaan keesattuu kallattiin itti bubbisan bubbee  Treedii waliin walfakkaatadha.
  • Heemisfeera kaabaatti kallattii Kabaa- bahaa gara Kibba-dhihaatti bubbisu.
  • Heemisfeera Kibbaatti ammo kallattii Kibba- bahaa gara Kaaba-dhiha tti bubbisan.
  • Naannoolee Qilleensa Baramaa fi Gosoota Biqiloota isaanii

Addunyaarratti akaakuu qilleensa baramaa gargaraa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa muraasni akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru.

  1. Godina Qilleensa Oo’aa (Tropical Climate)

Godinni qillensa baramaa kun naannoo dagalee gadaanaa (the tropics). Godina kana keessatti qoodamni xixiqqoo qillensa baramaa naannoo mudhii lafaa/bosona roobaa (Tropical Rainforest), lafa margaa savanaa (tropical savanna) fi gammoojjii hoo’aa

  1. Qilleensa barama bosona roobaa:

Qillensi baramaa kun naannoo mudhii lafaa dagalee 60ka fi ki. Godinni kun qilleensa hoo’aa fi jiidhhaa waggaa guutuu qaba. Teempireecharri naannoo kanaa sababa aduu kofa cimaa  waggaa guutuu argatuun olaanaadha, g/galaan 27oc. Godina kana keessa bosonni dhedheeroo fi sanyii garagaraa  fi baqqaana sadi qabu: baqqaana gadii dheerina m15, baqqaana g/galeessa dheerina m25  fi baqqaana olii m50.

Sanyii biqilootaa naannoo kanatti beekkaman keessaa liyaanaa, eppifaayitii, mahogaanii, eboonii, roozwoodii, kkf. Biqiloota kanneen keessaa baay’een mukuuta jajjaboodha (hard trees). Qilleensi kun naannoo laga Amaazoon,  laga Zaayer, qarqara dhihaa ardii Afrikaa, lafa dakee kibba baha Eeshiyaa.

  • Godina qilleensaa naannoo ho’aa g/galeessa maariinii

Godinni qilleensaa kun maqaan isaa agarsiisu haalaan dhiibbaa qaamman bishaanii jala jira.  Bakki argama isaas qarqara baha ardiilee dagalee 100 ka-250 ka fi 100 ki-250ki qilleensa jiidhaa (on-shore) kan jedhamu argata.

Amallan qillensa godina kanaa:

  • Naannoon kun qilleensa naannoo ho’a mudhii lafaan kan walfakkaatu qaba.
  • Garagarummaan ho’aa waggaan 80c hin caalu, kunis inni guddaan 29oc yoo ta’u inni xiqqaan 210c
  • Rooba gosa lama argata (rooba hurkaa /convectional fi rooba gaaraa/orographic) 1000mm hanga 2000mm’tti argata.
  • Waggaa guutuu jiidha guddaa qaba.
  • Ho’ii walitti fufiinsaan muldhatudhiibbaa bubbee galaanaa (sea breaze/on-shore)naannichaatiin akka hir’atu ta’a
  • Iddoo kanatti baatiin gogiinsa qabu yoo hin beekkamneeyyuu roobni guddaan tibba ho’a cimaa jiru (ganna/summer) rooba.

                        Fakkii 10: Qilleensa Baramaa Addunyaa

  • Godina qillensa monsuunii (Monsoon climate)

Monsuunii jecha afaan Arabaa ‘mauism’ irraa kan madde yoo ta’u hiikni isaas waytii (season) jechuudha. Kunis bubbee waytiin kallattii jijjiiratuun walqabata. Godinni kun rooba g/galeessa ta’e kan argatu tibba gannati. Kunis tibba kana bubbeen monsuunii galana irraa gara naannoo kanaatti qilleensa jiidhaa batee waan bubbisuuf. Wayita tibboota biroo immoo bubbeen kun dachee irraa gara galaanaatti waan bubbisuuf bakkeen kun rooba baay’ee xiqqaa argata. Walumaa galatti, naannoon qillensa monsuunii ganna hoo’aa fi jiidhaa fi bona qorraa fi gogaa ta’e qaba.

  • Godina qilleensa walakkeessaa/handhuura ardiilee (continental climate)

Naannoon qilleensa baramaa kun lafa dagalee 5okaabaa hanga 15okibbaatti argama. Godinni qilleensaa kun guutummaan guutuutti handhura (walakeessaa) ardileetti waan argamuuf amallan armaan gadii qaba. Isaanis:

  1. Gama ho’aa (320c) fi bona qorraa (210c) waan ta’eef garaagarummaa hoo’a waggaa 110c qaba.
  2. Bona dheeraa qaba.
  3. Rooba hurka guddaa qabu tibba gannaa hanga mm765 hin caalle argata.
  4. Kallattii qilleensa mudhii lafaatti rooba guddaa kan argatu yemmuu ta’u hammi roobaa kun      

   garuu gara gammoojjiilee hoo’aatti hir’achaa deema.

  • Godina Qilleensa Gammoojjii hoo’aa (tropical hot and dry climate)

Gammoojjii jechuun naannoo qillensa baramaa rooba ga’aan yeroo hunduma hin jirre jechuudha. Hammi rooba isaa waggatti mm120 hin caalu. Garaagarummaan ho’aa wagga inni guddaan 26oc yemmuu ta’u inni xiqqaan immoo 6.7oc.  Yeroo tibba hoo’aa gammoojjiileen 15oc (halkan) isa xiqqaa gara35oc (guyyaa)isa guddaatti jijjiirama agarsiisa. Tibba qorraa 5oc (halkan) isa xiqqaa gara 200c (guyyaa) isa guddaatti olka’u. kanaafuu garaagarummaa teempireechara guyyaa guddaadha. Kunis kan ta’e sababa samiin qulqulluu (clear sky) ta’ee fi hurriin haguugu hin jirreefi.  Biqiloonni naannoo qilleensa baramaa kanaa keessa jiraatan walumaa galatti gaggabaaboo yoo ta’an haala qilleessaa rakkisaa sana keessa jiraachuuf tooftaalee damdamannaa hurka ittiin xiqqeessan gargaraa qabu. Fkn: qoree baay’atu, baala hin qaban/qaqallaadha, quncee jabaa qabu, hidda dheedheeraa bishaan gara gadiitii xuuxuu danda’u fi kkf qabu.

  1. Qillensa baramaa dagalee g’galeessaa (Temperate climate)

Naannoon qilleensa baramaa kun haallan akka qillensa baramaa, biyyee biqiloota fi qaamman fiizikaalaa biroo naannoo kaawwan irra baay’ee gaarii fi mijataa qaba. Dabalataanis biyyoota sadarkaa addunyaatti diinagdeen guddatan kan akka Ameerikaa, Awurooppaa, Kanaadaa, Awustiraaliyaa kkf godina kana keessatti argamu.

Godinni kun biqiloota magariisa meediteraaniyaanii, bosona desidesii (baala harcaafatoota) fi bosona koniferasiitiin beekkama.

  1. Qillensa baramaa ho’a g/galeessaa qarqara dhihaa (Mediteraaniyaan)

Mediterraniyaanii galaana guddaa lagni Naayil itti yaa’u yoo ta’u maqaan qillensa baramaa kanaa isummarra kan fudhatameedha. Argamni isaas dagalee 300-400 kaabaa fi kibbatti. Qilleensi kun godina biroo irraa amala adda ta’e qaba. Innis tibba bonaa qorraa fi jiidhaa yoo ta’u tibba gannaa immoo gogaa fi ho’aadha.

Qilleensi kun qarqara lixaa ardiileettis waan argamuuf yeroo tokko tokko qillensa baramaa qarqara lixaa ardillees (western margin climate) ni jedhama. Biqilootni beekkamoon qilleensa kana mukkeen baal magariisaa (Mediteranean ever green vegetation) jedhamuun beekkama.

  • Qilleensa qorraa dagalee g/galeessaa (cool temperate climate)

Naannoon kun naannoo godina qorraa (polar)tti dhihaatee argama waan argamuuf qorraadha. Bakka kanatti haallan qilleensa baramaa too’atan dagalee lafaabakkeewwan qaban utuu hin ta’in irra caalaa isaa fageenya bakkeewwan kunniin qaama bishaanii irraa qabaniin ta’a. inni biraa ammoo dhiibbaa bubbee dhihaa (westerlis)ti.

  1. Qilleensa baramaa Bantiilee (Polar climate)

Qilleensi baramaa bantiilee qilleensa hunduma caala qorraa jedhama. Kanaafis godina qorraa/diilallaa’aa jedhamee beekkama.

Namootni qillensa baramaa kana keessa jiraatan qorra kana damdamachuudhaan jiraatu. Biqiloonni fi bineessonni naannichaa bakka wantoonni hundumtuu kan barbaachisanii gadi ta’eet jiratu.

Qilleensi baramaa kun dagalee olaanaa keessatti argama. Innis Arkitikii fi Antarkitikaa irraa gara dagalee 900 kaabaa fi kibbaatti argama. Qillensi baramaa bantiilee amaloota armaan gadii qaba:

  •  Qillleensa baramaa qorraa dagalee g/galeessaa waliin yeroo madaalamu bona dheeraa fi ganna gabaabaa qaba.
  •  Carallaa biiftuu dalgaan (slanting) ta’e fi humna biiftuu baay’ee dadhabaa ta’e argata.
  •  Roobaa fi ho’aa waggaa baay’ee xiqqaa ta’ee argata.
  •  Biqilootni naannoo kanaa biqiloota xixiqqoo waytii gabaabaa aduun mul’attu kan biqilaniidha. Isaaniis kan akka arrii dhakaa, saphaphuu(algee), moosis, marga kkf dha. Biqiloonni kun tooftaa damdamannaas uumamaan qabu.

     Godinni kun qoodama xixiqqaa lama qaba: isaanis qillensa baramaa Tunduraa fi Bantii Dhugaa

  1. Amala Qillensa baramaa Tunduraa
  2. Ganna gabaabaa yeroo ho’I qabxii diilallaa’inaa 00c (freezing point) irra caalu argata.
  3. Roobni kan argamu tibbuma gannaa sababa dhiibbaa bubbee kibba-dhihaa irraa bubbisuuni.
  4. Tibba bonaa immoo rooba xiqqaa bifa cabbiitiin kan argatu fi ho’i qilleensa isaa qabxii diilallaa’ina (0oc) gadiidha.
  • Bantii dhugaa (True Polar)

Amala qillensa Tunduraa waliin wal-fakkaatoodha. Haata’u malee, bantii dhugaa keessatti bonni baay’ee qorraa kan qayyootaa (frost) yeroo gabaabaaf irra turuuf ganni immoo qabxii diilallaa’inaa gadi kan ta’eedha. Walumaagalattii naannichi dhaabbiidhaan cabbiin kan uwwifameedha. Naannoon kun maqaa gammoojjii qorraatiinis ni beekama. Godinni xiqqaan bantii dhugaa arkitikii, odollan garba arkitikii fi Antarkitikaa of-keessatti hammata.

  • Biyyeewwan Gurguddoo fi Amaloota isaanii Hiika biyyee

Biyyeen qabeenya uumamaa keessaa tokkoo ta’ee baroota dheeran booda kattaa gubbaa irraatti argamurraa caccabee bullaa’ee kan uumamuu dha.

Garaagarummaa fi wal-xaxiinsa sirna biyyee irraa kan ka’e, hiika tokkoo fi murtaa’aa biyyeedhaaf kennuun dalagaa rakkisaadha. Jecha laafaadhaan, biyyee jechuun wantoota wal-hinqabatin irra-lafaa kana uwwisanii argaman jechuu dha. Kanaafuu, biyyeedhaaf hiikni baay’een hayyoota gara garaatiin kennamuuf yaalameera. Isaan keessaa muraasni kan armaan gadiiiti:

  1.  Baradiin(1984) biyyee akka hiiketti:
  2. Biqiloonni kan keessatti guddatan wantoota albuuddan of-keessatti qabatuu fi yeroo mara jijjiiramaa jiraatu qaama uumamaati.
  3. Haallan dhiibbaa teessuma lafaa fi yeroo irraa kan ka’ee dhiibba qilleensi baramaa fi lubbu-qabeeyyiin warra biyyee irraan gahaan irraa kan ka’e amala ofii isaanii kan qabanii fi biqiloota kan guddisan walitti qabama qamman uumamaa fuula lafaa uwwisanii argamaniiti.
  4.  Biswas (1994) akka hiiketti, biyyeen qaama uumamaa jijjiiramaa adeemsa caccabuu kattaalee keessa yookiin isa booda kan uumamee fi qabiyyeewwan albuudaa, lubbuqabeeyyii, keemikaalaa fi fiizikaalaawaa of-keessaa qabuu akkasumas, gad-fageenya kan qabuu fi biqiloota kan guddisuudha.

            Too’attoota Uumama biyyee

Uumama biyyee wantoonni murteessan keessaa kanneen ijoo ta’an warreen armaan gadiiti. Iisaanis:

  1. Warra biyyee: isaan kun miseensota liitoosferii kanneen haala kattaalee irratti hunda’anii dha. Kattaaleen beekamoon sadan kattaa baq-qorraa, kattaa kuus-mansaa fi kattaa jijiiramaa dha. Kanaaf, haallan fiizikaalaa fi keemikaalaa warra kun uumama biyyeetiif barbaachisaa dha.
  2. Qilleensa baramaa: roobaa fi tempereecharii elementoota qilleensa baramaa uumama biyyee keesatti gahee ol-aanaa taphataniiti. Amaloonni biyyee baay’een kun akka qabiyyee oorgaanikii, hamma cirrachaa, PH (hanga asiidummaa fi himbaabsa’ummaa fi alkoolummaa biyyee) qilleensa baramaa irratti hundaa’a.
  3. Teessuma lafaa: teessumni lafaa wantoota akka qilleensa baramaa, warra biyyee fi kkf. Jijjiiruudhaan uumama biyyee irratti gahee taphata.
  4. Lubbu qabeeyyii: isaan kun biqilootaa fi bineeldoota dha. Beneessotnis ta’ee dhalli namaa guyyaa guyyaan faayidaalee adda addaatiif kattaalee ni caccabsu. Biqilloonni ammoo hidda isaaniitiin caccabuu kattaaleetiif gumaacha ni godhu.
  5. Yeroo: adeemsi jijjiirama kattaalee fi uumama biyyee martinuu yeroo keessatti raawwatamu. Yabbinnni biyyeedhaa yeroo wajjiin dabalaa adeema.

    Wantootni biyyee keessatti argaman:

  1. albuudota bulbulaman (pootaasiyeemii fi soodiyeemii) fi hin bulbulamne (Sibiila ayiranii fi almuuniyeemii) kattaarraa biyyeetti jijjiiraman  (Inorganic minerals)
    1. wantoota tortoraa biqilootaa fi bineeldotaa (Organic matters)
    1. bishaanii
    1. qilleensa (air space)
    1.  lubbu qabeeyyii xixiqqoo
  • Gosoota  Biyyee fi Amaloota isaanii                                                                                           

Podolojistoonni qoodiinsa biyyee irratti yaada adda addaa qabu. Qaamoleen gara garaas akaakuu biyyee akkaataa garagaraatiin qoodanii jiru. Isaan keessaa hayyoonni Raashiyaa biyyee addunyaa iddoo gurguddoo 3 qoodaniiru:

  • Biyyee Zoonaalii
  • Biyyee Azoonaalii
  • Biyyee Intraa-zoonaalii
  1. Biyyee Zoonaaliin haala biyyee bishaan of-keessa dabarsuu danda’uutiin gargaarsa biqilootaa fi qilleensa baramaatiin kan uumameedha.kanaafuu biyyeen kun guddina dinagdee fi itti fayyadamiinsaa naannootiif gaariidha.
  1. Biyyeen Azoonaalii biyyee yeroo dhihoo keessa uumaman fi kan hin bilchaatinii (immature)dha. Sababni isaas biyyeen naannoo tokko keessatti uumamu yeroo waan itti fudhatuuf ta’uu danda’a. biyyeen kun qoodiinsa qilleensa baramaa waliin wal hin qabatu.
  1. Biyyee Interzoonaaliin immoo haalli uumama isaa haallan akka warra irraa uumame ykn immoo akkaataa dandeettii bishaan of-keessa dabarsuu isaatiin ta’a.

Karaa mala qo’annoo biraatiin biyyeen addunyaa gosa armaan gadiitti qoodamee dhiyaatee jira:

  1. Biyyee Tundra

Akkuma maqaan isaa agarsiisu biyyeen Tunduraa kan argamu naannoo sarara Arkitikii ta’ee gosa biyyee zoonalii keessatti qoodama. Yeroo tokko tokko dandeettiin bishaan of-keessadabarsuu isaanii dadhabaa ykn xiqqaa yoo ta’ellee darbee darbee biyyeen zoonalii keessatti ni ramadama. Naannoo Tunduraa keessatti qilleensi baramaan wantoota hundumaa caalaa gosa fi uumama biyyee irratti dhiibbaa guddaa ykn murteessummaa olaanaa qaba. Qorri baay’ee cimaa ta’e fi bona dheeraan jiidhiinsa biyyee akka gara cabbiitti (frozen) jijjiiramu taasisa.

  • Biyyee Podozoolii

Addunyaa irratti gosi biyyee kun faca’ee kan argamu naannoo qilleensa baramaa qorraa jidhaa keessatti yemmuu ta’u gosa biyyee zoonaalii keessatti ramadama. Biyyeen podoozoolii baqqaana baay’ee haphii ta’ee fi gartokkeen isaa wantoota bosonaa ykn hamba biqilootaa fi bineesotaa of-keessaa qaba. Biyyee kana keessatti wal-nyaatinsi asiidii xiqqaa waan ta’ee xaa’oommaan isa ta’e qaba.

  • Biyyee bifa giraaccaa/bunaa qabu

Biyyeen kun sadarkaa 2ffaa irratti naannoo qillensa jiidhaa keessatti kan argamuudha. Haalli ijaarama baqqaanota biyyee kanaa gara biyyee podozooliitti akka qoodamu isa taasiseera. Biyyee kunis haalli walnyaatinsa asiidii waliin taasisu baay’ee xiqqaadha. Baqqaanni biyyee kanaa inni gara olii furdaafii bosbosa biqilootaa kan badhaadhe yoo ta’u uumamee yeroo gabaabaa keessatti biyyee haramuudha. Haata’u malee, biyyee podozoolii waliin yoo dhiqamni isaa baay’ee xiqqaadha. Biyyeen kun biqiloota baala harcaastota/desiidesii kanneen akka maapil, biichii ookii fi kkf akka gaariitti magarsa.

Gosti biyyee kanaa biyyoota USA, dhiha Awurooppaa, kaaba Chaayinaa fi kaaba Jaappaan keessatti bal’inaan argama.

  • Biyyee Chernoozeemii

Biyyeen kun addunyaa irratti xaa’umaan baay’ee beekkamaadha. Kan irratti uumaman lafa margaa uumamaaan argamu keessumaayyuu lafa godina dagalee giddu-galeessaa bosbosa biqilootaatiin badhaadhanii dha. Nannoo kanatti dhiqamni biyyee baay’ee baay’ee xiqqaa waan ta’eef xaa’oon/humus isaa akka ture taasifama. Kana waan ta’eef, addunyaa irratti oomishini qamadii inni  guddaan kan oomishaman biyyee biyyee kana irraatti.

  • Biyyee Paraaree
  •  

biyyee kun biyyee chernozeemii waliin amala wal fakkaatu fi  pirofaayilii tokko ta’e qabu. Haata’u malee biyyeen paraaree albuuda kaalsiyemii fi kaarboonii akka biyyee chernoozemii of-keessaa hin qabu.

Biyyeen paraaree kan uumamu lafa marga dheeraa naannoo walakkeessa jiidha dagalee g/galeessaa keessatti. Biyyeen kun oomisha gaarii kennuuf dandeettii (potential) guddaa kan qabu ta’ee irra caalaatti USA fi Kaanaadaatti argama.

  • Biyyee cheestinatii fi daammii

Gosti biyyee kanaa ammoo kan aargamu naannoo gammoojjii fi dagalee g/galeessaa lafa isteeppee Ameerikaa Kaabaa fi eeshiyaa keessattidha. Darbee darbee naannoo Mediteraniyaanii, Arjantiinaa, Afrikaa Kibbaa, kibba-bahaa fi kibba-lixa Awustiraaliyaa keessatti ni argamu. Biyyeen kun qabiyyeedhaan biyyee chernoozeemiin kan wal fakkaatan yemmuu ta’u, halluu isaaniitiin garuu, biyyee chernoozeemii irraa adda. Sababni isaa inni guddaan biyyeen cheestinatii bosbosa biqilootaa hedduminaan of-keessaa waan hin qabneef. Biyyee kana yoo jalliisii fayyadamuun haalli mijataan uumameef albuuda baay’ee of-keessa qaba.

Biiyyeen cheestinatii gammoojjii qilleensa gogaa keessatti gara halluu daamiitti jijjiiramu. Biyyeen akasii kunniin gabbina guddaa ofkeessaa waan hin qabneef oomisha kennuu hin danda’an, kanaafuu dheedichaaf qofa oolu.

  • Biyyee keellloo fi diimaa

Biyyeen halluu lameenii kunniin murna biyyee tiroopikiiti keessatti argamuuti. Biyyee keelloon naannoo daangaa bosona koniferasii fi kaaba Chaayinaatti argama. Biyyee diimaan immoo gosa biyyee zoonaalii kan godina ho’aa (tiropikii) keessatti argamuudha. Bosonni desidesii (mukkeen baala harcaafatoo) biyyee kana waliin walqabata.

Biyyeen tiroopikii kun qabiyyee bosbosaatiin (humus) kan hinqabne yoo ta’u albuudota aayranii fi almuniyemiitiin badhaadhaa dha. Biyyee diimaan addunyaarratti biyyoota akka Biraaziil, Giinii, kibba USA, naannoo Meediteraaniyaanii, Afrikaa kbbaa fi Awustraaliyaakeessatti haalaan faca’anii argamu.

  • Biyyee nyatamaa/dhiqamaa (Lateritic soils)

Biyyeen kun maqaa latosoolii jedhamuunillee ni beekkamu. Biyyeen kun kan argamu naannoo qilleensa hoo’aa jiidhaa tirooppikkii fi mudhii lafaa keessatti. Kanaafuu addunyaa mara naannoo qilleensa hoo’aa jiidhaa keessumaayyuu naannoo rooba guddaa waggaa guutuu qabu mudhii lafaa keessatti beekkama.

Biyyeen kun amaloota armaan gadii qaba:

  • Sababa hoo’a fi rooba guddaa waggaa guutuutiin jijjiiramni keemikaalaa fi mekaanikaalaa warra biyyee irratti sadarkaa olaanaan gaha.
  • Ciminni dhiqamiinsaa albuudota bulbulamoo balleessee isaan hin bulbulamne akka ayiranii fi aluminiyeemii (boksaayitii)’n akka badhaadhu taasisa.
  • Qabiyyeen bosbosa (humus) biyyee kanaa orgaanizimoot            ni xixiqqaa baay’inaan waan argamaniif baay’ee xiqqaadha.
  • Halluun biyyee kanaa haalaan diimaadha- kunis hedduminaan jiraachuu ayiranii agarsiisa.
  • Biyyeen kun naannoo roobba guddaatti waan uumamuuf yeroo baay’ee lolaadhaan fudhatama. Kanaafuu, tajaajila qonaatiif bu’a qabeessa miti.

Biyyeen kun addunyarratti kan argamu Biraaziil, Oddollan dhiha Hindii, baha, dhiha fi kibba Hindii, bahaa fi dhiha Afrikaa fi Siriilaankaa keessatti dha.

  1. Biyyee Siroogeemii fi biyyee diimaa gammoojjii

Biyyeen siroogeemii qabiyyee organikii xiqqaa ta’e qaba. Kunis kan ta’e sababa biqiloonni keessatti haalaan hin maqarreef yoo ta’u naannoo kanatti dhiqamni (leaching) baay’ee xiqqaa ta’e albuuda akka nooraa (kaalsiyem kaarbooneetii) baqqaana irraa biyyee (top soil) irratti akka tuulaman isa taasisa.

Biyyee diimaan gammoojjii immoo naannoo qillensi isaa haalaan gogaa ta’ee fi keessuumaayyuu gammoojjii hoo’aa tiroopikii keessatti argama. Biyyeen gammoojjii g/galeessuummaan gabbataa yoo ta’eeyyuu bishaan jalliisii yoo argate tajaajila qonnaaf ni oola.

BOQONNAA SHAN

LEECALOO Fi KUNUUNSA (RESOURCE & CONSERVATION)

Seensa

Boqonnaa  afuur    Keessatti  Waa`e    barattaniittu. Boqonnaa  kana keessatti immoo waa`e  yad-rimee  qabeenyaa, gosoota  qabeenya  umamaa, faayidaa  rakkoowwan  qabeenya Umamaan  mullataniif akkasumas attamitti qusannoof kunuunsaan fayyadamuu akka qabnu dabareen  barattu. 

Kaayyoo Gooro  Boqonnichaa

    Barnoota  boqonnaa  kanaatiin  booda;

  • Waa`e miidhaa  qisaasina  Leecaloon  naannoo  waliigala hawaasaaf  guddina  diinagdee   irratti  dhufu  ni xiinxalu
  • Waa`e faayidaa  Leecaloo ilaalchisee   hubannoo qabaachuu dhaan attamitti  qusachuu  akka dandamu jijjiirama  barbaachisaa  ta`e fiduuf   ni  carraaquu.

Kaayyoo  Gooree  Boqonnichaa

     Boqonnaa kana booda barattootni;

  • Qabeenya  Umamaa  jechuun  maal akka ta`e ibsa nikennuu
  • Faayidaalee qabeenya uumamaa ykn leecaloo guddina walgalaa hawaasaaf oolu ni ajaaybsiifatu.
  • Haariiroo leecaloo fi baayina uumamaa gidduu jiruu ni ibsu.
  •  Barbaachisummaa kunuunsa naannoo fi oggansa qabeenya lafaa irratti ni mar’iatu.
  • Faakteeroota qabenyaaa uumamaa irraan dhibbaa geessisan addaa baafatu.
  •   Gosoota qabeeyna uumamaa ni tareessu.
  • Dhimmoota bu’uuraa qabeenya uumamaa waliin walqabatanu adda ni  baafatu.
  • Qabeenya  Umamaa fi  Lafa

Dhalli namaa waan  Umamaan jiru hunda itti fayyadamaa hinjiru. Waantonni  Umamaan jiran ta`anii dhalli namaa faayidaa isaanii bira kan hin geenye Sababa hanqina tekinoolojiin kan itti hin fayyadamne heedduutu jiru.

Waan  umamaan  argaman  ta`anii  hanga yoonaatti kan itti hinfayyadamne (Neutral Stuff   yookaan  Stock)  jedhamuun  beekamu. Gama biroon Naannoon (Environment) qabeenya  fedha namaa guutan  qofa qaba osoo hintaane  kan itti  fayyadama  qabeenya  daangeessan  (Resistance) ni qabaata jechuu dha. Kanaafuu, Neutral  Stuff, Resistansii fi Qabeenyi Lafa  keessatti hammatamu.

                      Neutral  Stuff                                                                             Neutral  Stuff

             Resistance                   Resource                           

                                                                                          Resistance                             Resource

Fakkii 11: Walitti dhufeenya qabeenyaa fi Lafaa

Qabeenyi dhaabbata  miti  haalaaf  tooftaa  itti fayyadama keenya irratti  hunda`un ballachuus  ni danda`a  dhiphachuus   ni danda`a.  ballaachuu  kan danda`u  yoo  (nutral  stuff)  jedhaman  baballina saayisiif  teekinoolojiin  gara qabeenyaatti jijjiiramu  yoo ta`e  ta`e,  tooftaan  kunis  dhala  namaa tiin  baayyee  fayyadamaa  taasisa. Kana jechuun gara funduraatti  saayinsiif  tekinoolojiin  yeroo cimaa deemu  hanguma kana,  Neutral  stuff kan ta`an gara Leecalootti jijjiiramaa deemu jechuu dha.

  FKn Kooriin(Core)   yeroo ammaatti  Stock  jedhamuun  beekama haata`u malee  gara fuunduraatti  saayinsiif   Tekinoolojiin  dabalaa yeroo  deemu  gaaf tokko dhalli namaa akka barbaadetti   fayyadamuu  danda`a.  yeroo kana gara  Leecalootti  jijjiiramuu  danda`a jechuudha.

Resistance  kan jedhaman faallaa  qabeenyaa yeroo ta`an sochii  nama  Umama irratti  qabu  kan  daangeessanidha.Fkn  Biyyee  gogaa (dry soil) naannolee bishaan hinjirreetti  argaman dhalli namaa  qonnaaf akka  hin oshanne  daangeessu  kanaaf  resistance  kan jedhaman yeroo ta`an yeroo  booda  namni  bifa  hammayyummaaf  jallisiin  madda bishaan ummachuun  fayyadamuu yeroo jalqabu  gara qabeenyaatti  jijjiiramaa deemu.

  •    Neutral  Stuff                                      Resource- baayyee fayyadamaa taasisa
  •  Resistance                                             Resource- Fayyadamaa  ta`u
  •  Resistance                                             Neutral  Stuff- Fayyadama xiqqaa

Gocha  Barataa

Mandara  lama gidduutti  Mandara,A, fi  Mandara ,B, gidduu  Lagni  guddaan tokko jira kaayyoon  jiru  mandaraa ,A, irraa gara  Mandaraa,B,tti  deemuu dha.lagni kun  daangessee jira, kanaafuu  lagni kun  isa keessatti  qoodamaa?

A,  Resistance                                     B, Qabeenya

C, Neutral   Stuff                                 Maaliif   jette?  

Yoo namni  laga  kana fayyadamuu jalqabe  isa kam  keessatti  dabalama?  Maaliif?  Green  Mariadhaa.

 Qabeenyi  kan  Umamaan jiran qofa osoo hintaane nam tolchee kan ta`aniis ni dabalata.Fkn  Lafti  Qabeenya  umamaa kan argamuuf  qabatamaan namni  itti  fayyadamaa kan jiru  yeroo  ta`u, akkuma kanaa meeshaaleen  qonnaa qabeenya  nam tolchee  qabatamaan namni qonnaaf  kan itti fayyadamanidha. Dabalataan  resistansii namaa (human  resistance)  kan jennu kan akka hiyyummaa  gara booddetti  hafummaa yeroo  ta`an  namni kana  cabsuun  gara gaariif  qabeenyaatti jijjiiru ni danda`a.

  Akkuma beekamu  dhalli namaa  akkasumas lubbu-qabeeyyiin  hariiroo  qabeeyna umamaa  waliin  qaban  baayyee  cimaa dha. Laftii yoo qabeeyna uumamaa garagaraatiin badhateeyyuu qabeenyawwan  umamaa harki baay’een  isaanii uumamuumaan murtaa’oo waan ta`aniif kunnuunsa gahaa ta`e fayyadamuu dhiisuun gara fayyadamaa  dhumuutti ykn baduutti akka deemmaa jiraniif gara  resistansiif  Nutral  stuffiitti jijjiiramuu  akka danda`an beektootni ni aamanu.

  Isaanumti of bakka buusuu ykn of-haaroomsuu (replaceable) jedhamanu seeraan alatti itti gargaaramnan akka manca’an ta`un isaanii kan beekamu dha. Kanaafis sababa kanta’u faakteeroota gocha namaatiin walqabatan faalama fa’adha .

  Guddinni dinagdee adduynaa fi hiyyumni bal’aan biyyoota dubatti hafoo (fkn:Afrikaa saharaa Gadii) rakkoowwaan qabeeynaa uumamaa naannoo hamaa fi walxaxaa godhee jira. kanaafuu saffisa ida`ama ummata  dabalaa jiruuf  manca`insa  qabeenya umamaa  waliin  wal  qabatee  wa`e qabeenyaa  barachuun  baayyee barbaachisaa  dha.

 5.2.  Leecalloo

5.2.1.  Yaad-rimeewwan leecaaloo

5.2.1.1.  Hiikaa fi barbaachissuummaa leecaaloo 

  Gochaalee  Barataa

  • Leecaloo  jechuun  maal  jechuu  dha?
  • Faayidaalee  Leecaloo   maal  akka ta`e  garee waliin  mari`adhu?

Gosa barnoota ji’oograafii keessattis haata’u saayinsiin biro fkn, kan akka Qor-dinagdee (Economics) waa’ee qabeenyaa (leecaloo ) qo’atan kessatti rakkoon tokko waa’ee hiika  qabeeynaa tiif kennamu dha. Sababni isaa waan balina qabuuf salphaatti hiikuu fi ifa gochuuf waan waxaxaa ta’eef

Saayintisttootni leecaloon maateeriyaalii ykn wanta akka hintaane ni amanu.  Qabatamaan  garuu, leecaloon haariiroo gaarii namaa fi  uumama gidduu jiruu dha.  Kun kan ta’uuf sababa haariiroon kun haariiroo gaarii fedhii dhuunfaa fi kaayyoowwan haawaassummaa guutuufi dha.

Haariiroon yeroo hunda gaarii miti. Haariiroo fallaa ykn tassumallee dhabamuu ni danda’a yoodhuma jiraateellee bakka bakkatti. Yeroodha yerootti gara garaa ta’uu ni danda’a. Hanga yowwanatti hiikni leecaloo fooyyaa’aan kennamee jiru nama beekamaa (Iskoolaara) E.W. Zimmermann Jedhamu dhaan . innis yaad-rimee leecaloo akkasitti hiika: Leecaloon wantoota hin ibsu, garuu faayidaa wantootni kennan ykn sochii inni keessatti gahee fudhatu ykn hirmaatu, fkn maqaadhumaan faayidaa ykn sochii kaayyoo galmaan gahuu kan akka fedhii ( hawwii) guutuu dha. Kanaafuu, leecaloo jechuun fedhii ykn hawwii namootaa kan guutu jechuudha.

Fedhii guuttachuun waan barbaachiisuuf wanta ta’e tokkoon qabeeyna kan jennu yoo fedhii namaa guutee dha. Kan hubachuu qabdu, wanti tokko qabeeyna jedhamuuf faayidaa namaa wajjin yoo walqabsiifameedha. Fkn: gaaziin siilindarii qabeenya; sababni isaa fedhii dhala namaa hawasa ammayyaa keessatti waan guutuuf. Haata’u malee gaaziin siilindarii uumamaa duriitiif qabeenyaa miti. Gaaziin uumamaa (natural gas) umama irraa argamu beekumsa namaatiin gara wantoota fayyadootti geeddarmuun fedhii hawaasa guuta. Kanaafuu gaaziin uumamaa akka qabeenya umamaatti fudhatama jechuudha.

Zimmermanniin alatti Ji’oograafarri beekamaan biroo leecaloof hiika late “David Waugh” dha innis akka armaan gadiitti hiika itti laatee jira. “Leecaloon wanta barbaachisan fi namootni fi bineesootni itti fayyadamanii dhaa jechoota birootiin leecaloon wanta garagaarsa namaa fi bineesotaaf barbaachifamaniidha”

Leecaloo fi qabeenyaan umamaa yoo walfakkaataniyyuu, Ji’oograafaroonnii fi  saayintistootni biro qabeenya human namaa itti dabaluun hiika kana bal’isu. Qabeenyaan uumamaa kan inni hammachuu danda’u meeshaalee dheedhii (rawmaterials) qilleensa baramaa (climate) fi biyyee (soil) dha. Karaa biraattiin, qabeenyaan human namaa bal’inaan kan inni agarsiisu hojii humnaa  (labour) dandeetti (skill) muuxxannoo (experience) fi kaappitaala fa’a dha.

Akkuma duraan hubatteetti leecaloo jechuun wanta fedhii fi hawwii dhala namaa gamanyaataa manaa uffata, bashannana, fi kkf—-guutuu dha. Kana jechuun wanta hawwasni fedhii gama maateeriyaalootaa fi haafuuraan bifa adda addaatiin argatuu dha. Garuu gaaffiin asiitti ka’uu danda’u “namootni naannoo hundumaa feedhii isaanii haala walqixa ta’een guutatu immoo garaagarummaan yeroonis ni jira. Naannoodhuuma walfakkaataa ta’eetti yyuu”? isa jedhu dha.

Gocha  Barataa

     – Naannooleen fiizikaalaa hundi qabeenyaa walfakkaataa qabu? Maaliif?

     –  Haaloonni ykn faakteeroonni leecaloowwan uumuuf barbaachisan maali?

5.2.2   Fakteeroota leecaloo uuman (Resource creating factors)

Leecaloowwan kan uumaamanu walitti dhufeenya fakateeroota Umamaa, namaa fi aadaa tiini. Faakteerroonni gurguddoon sadan kanneen akka waliigalaatti “fakteeroota leecaloo uumni jedhamu”

 Nama beekamaa (Iskoolaara)  E.W. Zimmermann Jedhamu  akka   faakteroota  Leecaloo  uman irratti yaada isaa  laatetti Leecaloon dhaabbataa miti, walitti  dhufeenya faaketeroota  sadan Nama, Aadaaf Umamaan  kan umamu yeroo tau wali irraa adda  bahuu kan hindandeenyeef dhaabbatoo  akkasumas  duraan kan jiranidha jedha. Yaada hayyuu  kana irraa kan  barannu hanga namni  walitti dhufeenya  umamaa waliin  hariiroo  qabu yoo cime akkasuma  Carraan  leecaloo umuu ni baayyata.

                                                                    UUMAMA         

                                                               LEECALOO

                       NAMA                                                                      AADAA

             Fakkii 12. Haariiroo Uumamaa Namaa fi Aadaa gidduu jiru

  1.  Wantoota umamaa (Natural Factors)

  Gocha  Barataa

          Uumamni akkamiin uumaamuu leecaloo irratti dhiibbaa geessisu gareen  mariadhu?

Argamuu leecalootiif jechi umama jedhu elemeentoota adda addaa of keessatti qabata ykn faakteeroota barbaachissummaan isaanii namaan hindhiibabamnee dha.

Faakteeroonni kanneen akka waliigalatti kan haammatu aargama ji’oograafawaa qillensa baramaa, teessuma  lafa, biqiltoota uumamaa biyyee qaama bishaanii fi kkf fa’a dha. Faakteeroonni umamaa kanneen kan hojii irra oolanu haala uumaamuummaa isaaniitiin (osoo hinjijjiiramiini) dha. Fkn namni qilleensa qulqulluu (ooksiijiinii) osoo hin jijjiiraamini umama irraa argata.

  1. Wantoota namaan walqabatan

Hawaasni irra jirreessaan argama qabeenyaatiif gahee guddaa taphata. Namni yeroo hundumaa elemeentoota uumamaa waliin ta’uun fi kanaafis qabeenya uumamaa faayidaasaattif oolcha. Lafa caffa`a tae qonnqqf  qopheessuu keessatti  lafa gogaa ta`e gara lafa qonnaatti jijjiiruu,  itti fayyadama  albuudota garaa garaa,  baballina  waarshaaleef kkf gahee  namaa waliin kan  walqabatedha.

  •  Wantoota Aadaa

Akkuma  adunyaa  irratti  saboota  heedduun jiran  Aadaa  hedduutu jira.  Aadaan  sabni  hundaa walqixa  ilaalamu, garaagarummaa hin qabaatu. Hata`u  malee  aadaa keessatti  kan miidhan nijiraatu  kan  fayyadan ni jiraatu. Aadaan firii walitti dhufeenya namaa fi uumamaan walqabateen hiikamuu danda’a. haaluma kanaan aadaan umamaa fi hawaasaa karaa walitti hidhamaniin walitti fida. Eleemeentootni wantoota aadaa bakka bakkatti garagarummaa qabu. Sababani isaas bu’uura fizikaalaa hawaasni keessa jiraatuni. Garaagarummaan naannoo aadaawaa itti fayyadama leecaloo fi haala guddinaa dinagdee murteessa.

Fkn: Afrikaan aadaa hindagaane waan qabduuf ardiilee biro walbiraa qabuun yoommuu ilaalamtu bodatti haftuu dha.Sababa  kanaaf  Afriikaan  Qabeenyaalee  garaa garaa kan  omisha adda addaaf  oluu dandau kan hangayyoonaa  hin fayyadamne ni qabdi. Bara jalqabaaf  amma yoo ilaalame dura namni  umama keessa funaanuun qofa jiraataa ture  bar asana hariiroo  umaama waliin qabu  baayyee xiqqaa  waan tureef   jireenya xiqqaa  jiraachaa ture.

Dhalli namaa de bi`e hariiroof  Aadaa  umama waliin qabu  cimsachuuf  dagaagfachuun haala  omisha  isaa ykn  itti fayyadama qabeenya  umaamaa dagaagfachaa waan dhufeef  aadaa guddinaaf isa gargaaran kanneen duraan turan garuu kan itti hinbu`amiin argatee misoomsuu  danda`era. Karaa biraatiin biyyonni awurooppaaf  Ameerikaa  baayyeetti   kan guddaatan Sababni isaa naannoo aadaawaa fooyy’aa waan qabduuf

 5.2.2.1,  Haala ykn kallatiiwwan guddina leecaloo yeroo ammaa

Akkuma duraan hubateetti leecaloowwan fidhii namaa guutuuf kan oomishaman walitti hidhiinsaa fi walittidhufeenya uumamaa, hawaasaa fi aadaatiin. Fedhiin (hawwiin). Namaa danga’aa waan hintaaneef yeroo yeroon dabalaa adeema. Kunis dabareesaatiin haariiroo karaalee sadanii, uumamaa, hawaasaa fi aadaatiin dabala; kanaafiis argamnif   itti fayyadamni leecaloowwanii akka itti fufu godha.

Kanaafuu, hawaasni umama waliin wallansoo gochuuf beekumsa isaa fooyyeeffataa adeema. Kanaafiis, aadaasaa oguddifachaa adeema. Fedhii isaa daangaa hinqabne guddataa adeemu guutuuffisillee leecaloowwan haaraa oomishaa ykn guddisaa adeema. Irra fooyyaa’aan fedhiin namootaa fi beekumsi aadaa guddina leecaloo (qabeenyaa) ti. Haawwiin fi beekumsi yeroo waliin akkuma bali’ataa adeemuunn hawaasni gahee inni qabeenya haaraa umuuf  adeemu olaanaa ta`a adeema. Itti  fayyadamni  qabeenyaa wantootaa dhaabbataa miti: of baayisaa adeema. Wanti durii yeroo dheeraaf dhimma tokko qofaaf oolu yeroo ammaa dhimmoota garagaraatiif ola.

Walumaagalatti adeemsi guddina adeemsa jijjiramaa baay’ee waliitti dhufeenya uumamaa, namaa fi addaasinii irraa kan dhuufuu dha.

   5.2.3. Gosoota Qabeenya  Umamaa   (Types of  Resources  and  Clasification)

    Qabeenyi  Umamaa   jalqaba irratti   Stock  resource  jedhaman  irraa  maddu.

  • Qabeenyawwan  Umamaa  qabatamummaa irratti hundaa’anii bakka lamatti  qoodamu.
  1. Qabeenya  Maateeriyaalawaa (Material   resources)- kan argamuuf  qaqqabamuu danda`an.  Qabeenyi kun kan qabatamoof  mul’atoo  kan  ta`an hunda kan dabalatu dha. Fkn: Bishaan,  biyyee, albuudota, Bosonaa KKf
  • Qabeenya Miti—Maateeriyaalawaa (non-material resources)- Kan hin argamneef hinqaqqabamne. Qabeenyi kun Maateriyaalawaa  kan ta`an immoo kan hinmullanneef hin qaqqababmne ta`anii  dhalli naamaa kan itti fayyadamu  jechuu dha. Fkn: Qoqa, Amantii, fayyaa, aadaa,etiksii Bilisummaa, Nageenyaaf  kkf
  • Qabeenyi  Maateeriyaalawaa  deebisanii  bakka lamatti  qoodamu  isaanis;

 A, Qabeenya  Orgaanikii, lubbu qabeeyyii ta`an hunda  dabalata. Fkn Bineeldotaaf    

       Biqiltuwwan  namni  fayyadamu  kan akka  Bosonaf  kkf.

BQabeenyawwan Inorganikii  ta`an;  qabeenyawwan umamaa ta`anii  lubbuu  maleeyyii

      hunda dabalata;Fkn Albuudota,  Kattawwaniif kanneen biroo hunda dabalata.

  • Haala itti  fayyadama isaaniitiin  qabeenyi  umaamaa bakka  lamatti qoodamu

   A, Qabeenya  of  Haaromsan; kan yeroo  namni itti  fayyadamu of  haaromsuu  danda`u.

   B, Qabeenya  of  hin  haromsine; yeroo  namni  itti  fayyadamaa  deemu  xiqqaachaa dhuma

         irratti  dhumuu  kan danda`an

  • Qabeenyi  umamaa  bu`ura turtii  isaaniitiin de`bianii  bakka lamatti  qoodama.
  •  Qabeenya dhumata  (Exhaustible or fund resources)

Kana jechuun umurii turuu kan hinqabne, qussannaan itti fayyadamuu bannaan kan dhuman jechuu dha.

Fkn;kattaa boba’aa, peetirooliyeemii, yuraaniyeemii, fi kkf.

  •   Qabeenya hindhumanne (Inexhustible or flow resources)
  • Hammi isaanii danuu danuu ykn guddaa kan ta’ee fi
  • yeroo  Gabaabaa keessatti kan hin dhumnee dha. Fkn; bishaan, ifa aduu, qilleensaa fi kkf

Jechootni of-haaroomsanii fi of-hin haaroomsine jechamanii maali agarsiisu?

Elemeentootni naannoo lafa keenyaa kan of-haaroomsanuu fi hin haaroomsinee eenyuu fa’i? yaada dhuunfaa keetii kenni.

Qabeenyaawwan of haaroomsan qabeenyaawwan bakka of buusan fuula duraaf deebi’anii faayidaaf oolan jechuu dha. Fkn bishaan humna  aduu, qilleensa, uumamaa. Bineeldoota. Biyyee fi kkf.

 Gocha   Barataa

Qabeenyaawwan uumamaa of bakkabuusaniif  of  bakka hinbuusne  jechuun  maal  jechuu  akka ta`e  gareen  ballinaan  mariadhaa

Adeemsi qabeenya uumamaa of-haaroomsan  itti fuufiinsa kan qabaatu yoo haalli itti fayyadama keenyaa isa bakka of-buusan gadi ta’ee fi haalli naannoo isaanii mijaa’u   ummaam eegamee dha.

Qabeenyi uumamaa of-hin haaroomsine maateeriyaaloota murtaa’oo kan qabaatanii fi kan of-bakka buusuu hin dandeenyee dha. Fkn: albuudaa fi maddoota anniisaa.

  • Haala argamaatiin (availability) bakka lamatti qoodamuu ni danda’a.

A. Kan bakka maratti argaman (Ubiquitous) fkn; Ifa aduu, qilleensa ETC.

B. Kan bakka murtaa’ootti argaman (localized) fkn; petroleum uraninum, iron-ore etc

  • Qabeenya  umaamaa  akkaataa buura  abbummaa( on the basis of  Owner  ship) debiun 

      Bakka afuritti  qoodamu.

A, Qabeenya  Dhuunfaa, Namni  qofaa isaatiin kan  fayyadamu jechuu yeroo  ta`u kan akka,

      Barnoota, Ogummaa ofii, Amala, kkf

B, Qabeenya  biyyoleessaa; Walitti  qabaa  qabeenya  dhuunfaa  lammii  biyya tokkoo ta`e

       Elementoota ykn  waantota  biyya sanaan  hogganamu hunda dabalata.

C, Qabeenya  Adunyaa; Walitti  qabaa  qabeenya  dhuunfaa ummata adunya maraaf   qabeenya       biyyootaan hogganamu mara kan mullatus  kan hinmullanne ta`e  dhala namaa kan fayyadu hunda dabalata.

D, Qabeenya  waliinii: Enyuunuu nama dhuunfaan hin hogganamu hata`u  malee hundaaf  gahaaf  guutuudha hundi itti  fayyadama. Fkn, Qilleensa, Qurxummii  galaana keessaa, Simbirroowwan  godaanana(Migratory  Birds)

  • Wa`e  galaanaa yoo  ilaalame  biyyi tokko handaara  biyya ishee irraa hanga km 19 tti  akka  daangaa isheetti kan lakkaamu  yeroo  ta`u  km 19  booda akka  qabeenya waliiniitti  ilaalama  haata`u  malee  yeroo  baayyee   qabeenyi  waliinii   E`gumsa waan hinqabneef  seeraan ala  manca`a kan jiru  ta`u isaa  bira  gahameera.

       Fakkii 13: Qoqqoodama Leecaalloo

5.3. Faayidaalee   Leecaloo (Uses of Resource)

Fedhiiwwan bu’uuraa kannen faayidaa dhala namaatiif kan oolan biqiloota bosonaa fi birneeldootaa, burqituu fi maddiituu bishaanii fi qilleensa marsaa lafaa fi biiftuu dha. Kun adeemsa keessa qaroomina dhala namaatiin fi dabalamuu baayina uumammata tiin gara fedhii sadarkaa 2ffaatti akka guddatu ta’eera. Kanneen kan haammatan maateeriyaaloota ykn madda annisaa qaroomina gabbisuuf olan ykn barbaachiisan fa’a dha. Kana  qofa osoo hintaane  Barbaachisummaan 

Leecaloo:

–    Bu`a nyaataaf  madda Anniisaati 

Dhalli namaa nyaata orgaanikii  irraa argatu kannen  akka pirootinii, nyaata cooma (fats), kaarboohaayidireetii vitaaminii fi albuudoota gahaa  irraati.

–  Leecaloon  bu`a madda  bishaan   qulqulluuti. Namni  osoo hin  nyaatiin  torbee  lama ta`u  danda`a  bishaanii ala garuu  guyya sadii ala turu  hindanda`u  kanaafuu  Leecaloo  madda bishaan  qulqulluu  ta`un  tajaajila.

 –  Leecaloon  madda qilleensa ooksiijiniiti.

– Madda Mateeriyaalota huccuu fi mana ireenyaati

 Mateeriyaalota uccuu fi mana ireenyaa irraa hojetamu namni  kan  hargatu   Leecaloo irraati

5.4.   Rakkooleef  Kunnuunsa  Leecaloo

Gocha  Barataa

Akka  Naannookeetti  akaakuwwan  qabeenya  umamaa keessaa  baayyinaan  manca`a kan jiru  leecaloo   isa kam  akka ta`e  adda  baasuun  Waajjiroolee  Dhimmi ilaallatu  waliin  maaliif  akka  ta`ef  furmaata ta`a kan jettu  tarreessuun  hiriyyoota kutaa keef  ibsi?

Malootni kunuunsa naannoo bu’uuraa garagaraa hojii irra oolan kanneen qabeenyawwaan uumamaa aduynaa eeguuf fayyadan ni jiru. Leecaloon tokkon tokkoon rakkoo kunuunsaa fi furmaata addaa kan mataasaa qabaatuyyuu, leecaloowwan hundumtuu kan walitti hidhamanii fi walxaxoo kan ta’anii dha.

 Fkn:  biyyee qofa kunuusuun faayidaa hinqabu ; osoo waa’ee bishaanii fi qabeenya biqilootaa bira qabani hinilaalleetti. Qabeenyi bosonaa gabbina biyyee fi bishaanii fi kun immoo dabareesaatiin kunuunsa qabeenya bineeldota fida.

Rakkoowwan  Leecalloo  waliin  wal qabatee ballinaan mullatan  haala walfakkaataa ta`en  kunnuunsuu  dhabuudha.Aakka  yaada  hayyuu E.W. Zimmermann jedhutti  qabeenyawwan  dhuunfaa caalaa  qabeenya  waliinii  ballinaan  manca`a  jiraachuu  isaa gara funduraatti yoo  Kunnuunfamuu  baate rakkoo guddaan gama Leecaloon kan  mullatu ta`u isaati  sababni  isaas qabeenyawwan  waliinii  dhalli   namaa  of  eggannoo  malee  itti  fayyadamaa jiraachuu isaa  hayyuun kun  ka`era.

Asirratti kan hubatamuu qabnu dhiibbaan qabeenya uumamaa tokko irratti godhamu alkallattiin isa biros ni midha. Kanaafuu, qabeenyaa uumamaa isa tokko kunuunsuu jechuun qabeenya kan biro kunuunsuu jechuudha.

Gama biroon  qabeenyawwan  tokko tokko hedduminaan  baayyachuun isa  qabeenya biroo  irraatti  yeroo dhiibbaa fidus  ni mullata sababiin  isaa umamni ofii saatiin  madaalawaa waan ta`ef.Sanyiin  tokko  baayyatee  sanyiin biroo  yeroo xiqqaatu  (Ecosystem)  yookaan  wal irratti  hunda`un  umamaa  ni jeeqama.  Ameerikaa   dhi`a Hayyoonni  sanyiiwwan  qurxummii   shan  Garba keessa jiraatan irratti qorannoo  geggeessanii Sanyiiwwan  qurxummiin  tokko  baayyeetti  xiqqaachaa  deemuuf  sanyiiwwan  qurxummiin  biroo immoo  baayyaachaa  deemuu  isaa  ibsanii  sababa  isaa  yeroo  qoratan  sanyiin  baayyachaa  deemaa  jiru  sanyii  qurxummii  xiqqaachaa  deeme waan  nyaatuuf.

Bosonni  Naannoo  Rooba  ho`a  sanyiiwwan  aduynaa irra jiran  harka baayyee  kan  qabatuuf (Carying  Capacity)  guddaa kan  qabu  yeroo  ta`u  yeroo  ammaatti   baayyinaan  ciramuu  irraa  kan ka`e  qabeenyi  bosonaaf  Lubbu  qabeeyyiin  hundi  mancaa jiru.

  Gocha   Barataa

  • Adunyaa  irratti  yeroo  jalqabaa  kaasee  dhalli  namaa  osoo   hiumaamne  ta`e  lafti  irra jiraannu   Maal fakkaatti  jettee  yaaddaa?

5.5. Kunuunsa Qabeenya Naannoo (Conservation of Natural Resource)

Gocha  Barataa

  • Qabeenya  Umaamaa  Kunuunsuu  jechuun  maal  jechuu dha?
  •  Naannookee  keessatti  gosoota  qabeenya umamaa  rakkoof  saaxilaman waajjiirri dhimmi  ilaaluuf  hawaasni  attamitti  kunnuunsaa akka jiru  gabaasa  qopheessuun  kutaa  keef  ibsi?

Kunuunsi qabeenya waltti fufiinsaan itti fayyadamuu ykn abshaalummaan itti fayyadamuu leecaloo fi eegumsa qabeenya uumamaa kenneen akka biqiloota umamaa, bineensota, kuufamoota albuudaa biyyee, bishaan, qilleensa fi foosilii boba’oo (fkn: kattaaboba’aa,peetirooliyeemii, fi gaazii uumamaa) ti. Qabeenya uumamaa bakka lamatti qoodama ; isaaniis  kan of-bakka buusaniif hinbuusne (of-hinhaaroomsinee )dha qabeenyi uumamaa of- haaroomsan  adeemsa uumamaa fi yerootiin kan bakka of buusu kanneen akka qurxummilee fi biqiloota umamaa fa’a ykn kan hindhumne ( inexhaustible ta’an, annisaa biiftuu fa’a dha.

Kaayyoon kunuunsa qabeenya uumamaa of-haaroomsu hanga bakka of-buusu caalaa akka itti hinfayyadamne mirnnessuu dha. Qabeenya umamaa of-hinhaaroomsine isaan murtaa’oo ta’an fi kan bakka of-buusuu hindandeenye dha. Isaanis kan haammatan foosilii boba’oo fi kuufama albuudotaa kanneen akka  sibila dhoqqee (Iron-ore) fi warqee fa’a dha.

Sochileen kunuunsa qabeenyaa of-hinhaaroomsine kan irratti xiyyeeffatu amma qabeenyaa kannenii fuuladuraatiif itti fufiisiisuu dha.

Qabeenyaa uumamaa kan kunuunsamanuuf faayidaalee baayooloojiokalaawaa dinagdeewaa, fi sona bashananwaa akkasumas bareedina uumamaa isaaniitiif fi barbaachissummaa aadaa naannoo tiif. Fkn: bosonni naannoo jiidhaa godina oo’aa kan eegamuuf gahee barbaachisaa ikoloojii addunyaa fi madda dinagdee jireenya aadaa naannoo waan ta’eef.

Waliitti bu’iinsi kunuunsa naannoo kan ka’u yeroo hanqinni qabeenya uumamaa giddatu fi guddina baayina ummaataa waliin fedhiin garmalee dabalaa deemuu dha. Kunis kan irra ka’u akkataa itti fayyadamiinsa, argamaa fi eenyuuf kan oolu irraatti. Fkn: lagni jallisii qonnaatiif oomisha qurxummilee, human ibsaaf, warshaaleef bishaan dhiyeesa. Qotee bultootni kiyyeessitoota qurxxumiilee oggantootni warshaalee haala daangaa  hinqabneen laga kanatti fayyadamuuf walmorkatu, garuu bilisummaan akkasii sun qabeenya bishaan lagaa sana manacaasa.

            Maloota kunuunsa qabeenya uumamaa (Methods of Conservation)

Malootni saayinsawaan qabeenya uumamaa kunuunsuun fayyadan enyuu  fa’a dha? Irraatti mar’adha.

Kunuunsi qabeenya uumamaa waliitti hidhiinsa walxaxaa qabeenya uumamaa gidduu jiru fi itti fayyaadamiinsa madaalamaa qabeenya eegumsa waliini dhiheessa gahaa dhaloota dhufuuf dhugoomsuu ykn mirkanneessuu dha.

Galma kana milkeessuuf malootni kunuunsa naannoo garagaraa ni fayyadu. Isaankunis itti fayyadama leecaloo hirrisuu, faalama irraa eeguu dha. Akkuma baayinni ummataa dabalaa deemuufi  sadarkaan jireenyaa olka’u itti fayyadamni qabeenya uumamaa olka’aa deema. Bara 1950-2000 gidduutti baayinni uumamaa addunyaa gara biliyoona 6 tti dachaan dabaleera, biyyotni guddatan jereenyaa isaanii olaanaa waan ta’eef irra caalaan itti fayyadamuu qabeenya uumamaatiif itti gaafatamummaa ni fudhatu. Fkn; ameerikaatti namni tokko namoota filiippinsi 27 ykn namoota 370 itoophiyaanoota human (energy) walqixaan itti fayyadama. Biyyoota guddatan keessatti midhama qabeenya uumamaa hirrisuuf barnootni kunuunsa naannoo fi akkaataan qabeenyaatti fayyadamana barbaachisaa dha.

Qabeenya uumamaa faalama irraa ittisuuf namootni dhuunfaan, warshaaleen, fi mootummaan dirqamoota baay’ee qabu kanneen kan haammatan itti fayyadama keemikaloota adda addaa fkn farra ilbisootaa (pesticides) fi keemikaaloota summaa’oo (Toxic) faalama bishaanii fi qilleensa hirrisuu, wantoota boba’oo fi kan biro keessaa qilleensaatti gadi lakkiiffaman hirrisuu fi fkn kana raawwachuu dhabuun faalama faalama qilleensaa, biyyee, bishaan fi badiinsa biqilootaa fi bineeldotaa fida.

Haaloota baay’ee keessatti manca’insa hirrisuuf leecaloowwan irra deebi’anii ittifayyadamuu (re-use or recycle) fi humna barbachisu kunuunsanii omishaa irraa omishuun ni danda’ama. Fkn; warqaa burcuqoo, boba’aa motoraa, hundumti isaanii irra deebi’anii fayyadamuun ni danda’ama. (can all be recycled) manca’insa fi itti fayyadama (consumption) hirrisuuf naannooleen baay’een  Mootummaan Amerikaa seera irra deebi’anii itti fayyadamuu dirqam ta’e akka hojii irra olfaatanu godheera.

Leecaloowwan tokko tokkoo adda ykn waan baay’ee barbaachiisaaniif gochawwan isaan mancaasan ykn gadi buusan irraa ni ittiffamu. Fkn: paarkootni biyyoolleessaa fi bakkeewwan diidaa mukoota muruu ykn albuuda baasuun. Mootummaa Ameerikaa Gamtoofte keessatti ni ittiffama sababni isaas gochaawwan kanneen haala dinagdeewaa, bashanaanawaa, fi sonawwa bareedinaa leecaloo waan hirrisuu danda’uuf bosonni fi lafti jidhaan (wet lands) hojiwwan misoomaa irraa ni ittisamu.

Sababni isaa bakkawwan kun madaala qulqullina qilleensaa fi bishaanii fi bakka jireenya biqiloota fi bineeldootaa gara garaa waan ta’aniif.

 Hawaasa  itti fufiinsa  ilaalcha  qabeenyaa umamaaf qabu umuuf akkasumas  hawaasa qabeenya umamaa  dhaloota  gara  funduraa  dhufuuf jiru utuu hin dhorkiin fedha isaa akka  guuttatu  gochuuf  piriinsippiloota ikkooloojii  furtuu  jaha  hojii irra olchuun barbaachisaadha. Isaanis:

1, Kunnuunsa   Qabeenya  Umamaa  (Conservation)

2, Irra  De`bianii   fayyadamuu  ( Recycling)

3, Bakka  qabeenya  Umaamaa  of  hin haaromsine kan of  haaromsan  fayyadamuu.

4, Riistoreeshinii ( Restoration )

5,To`annoof  hoggansa  baayyina  ummataa ( Population  Control  and  Management)

6, Haalaan  walsimsiisuu   (Adaptability)

Hawaasa  itti fufiinsa  ilaalcha  qabeenyaa umamaaf qabu umuuf yeroo  dheeraaf  hojii  ballaa  kan  gaafatu  yoo ta`e  muulatu  ta`eyyuu  rakkoowwan  qabeenya  umaan  waqabatanii  mullachaa jiruuf  turtii  jireenya  dhala namaa  caalmaatti umuuf  tarkaanfiiwwan  adda addaa  fudhachuun tarkaanfilee  ariifataa  fudhachuun  barbaachisaa dha.

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.