Survey of Human Geography – GeEs 202

Maqaa koorsii:  Sakatta’a Ji’ograafii Hawaasaa (Survey of Human Geography)

Koodii Koorsichaa: GeES 202

Sa’aatii fi kireeditii barnootaaf kenname torbanitti: 3/3                            

Boqonnaa Tokko

Seensa Ji’ograafii Hawaasaa

  1. Hiika fi duubduubee Ji’ograafii Hawaasaa  

Barnoota kee armaan duraa ‘Survey of Physical Geography’ jedhu keessatti ji’ogiraafiin gosoota gurguddaa lamatti akka qoodamuu fi gosoonni kunis ji’ogiraafii fiiziikaalaa/uumamaa fi ji’ogiraafii Hawaasaa ta’uu isaanii barattee jirta.

Barattoota osoo hiika mujula keessanirra jiru hindubbisin hiika mataa keessanii ji’ograafii hawaasaatiif kennaa

Hiika isaatiin walqabatee ji’ogiraafiin Hawaasaa akkuma koorsiilee ji’ogiraafii biroo hiika murtaa’aa fi salphaa hin qabu. Haata’u malee hiikonni hayyoota baay’een kenname yoo cuunfamu toora xiyyeeffannaa itti aanan irratti rarra’a. Isaanis Ji’ograafiin Hawaasaa damee qo’annoo ji’ograafii gurguddoo lameen eeraman keessaa tokko ta’ee dhimmoota hawaasummaa/aadaa ilmaan namaa guutuu addunyaarra jiruu fi akkaataa isaan itti walitti firoomanii fi faca’an qo’achuurratti kan xiyyeeffateedha. Jecha biraatiin dameen ji’ograafii kun waa’ee jireenya, sochiilee akkasumas hariiroo ilmi namaa fedhii isaa guuttachuuf naannoo uumamaa, naannoo aadeffame (Cultural landscape) fi namoota biroo waliin taasisu irratti xiyyeeffata. Kunis qo’annoo ummataa, baqannaa isaanii, faca’iinsa isaanii, sochiilee diinagdee kanneen akka leeccaalootti fayyadamuu, industirii fi qonna; haala qubannaa, amantii, afaan, siyaasaa, walumaagalatti dhimmoota hawaasummaa fi jijjiirama naannoo uumamaa of keessatti hammata.

Gabaabumatti, Ji’ograafiin hawaasaa sochiilee ilmaan namaa hundaa fi dhiibbaawwaan isaan naannoo uumamaa irraan gahan dimshaashatti kan qo’atuudha.

Baroota durii keessa dhiibbaan ilmaan namaa naannoo uumamaa irraan gahan kan lakkoofsa keessa galu hin turre. Sababiin isaa yeroo sanatti lakkoofsi ummataa baay’ee xiqqoo ta’ee iddoodhaa gara iddootti socha’uun jiraatan jireenya gadaanaa akka adamoo, qurxummii kiyyeessuu, ija mukaa funaanuu kkf irratti hundaa’e waan tureef miidhaan isaaniin uumamarra gahus kan herrega barbaachisu hin turre.  Madaqsuun bineesotaa fi biqilootaa akka waliigalaatti

Jijjiirama guddaa naannoo uumamaarratti fiduu danda’ee jira. Biyyoonni akka Afrikaa, Ameerikaa kaabaa fi kibbaa Jijjiirama guddaa keessa kan galan dhufaatii biyyoota Awurooppaatiin walqabatee akka ta’e qo’annoowwan gama kanaan adeemsifaman ni markaneessu.

Lafti babal’aan duraan dheedichaaf qofa oolaa turan gara midhaan garagaraa oomishuuf gaafa qotamuun jalqabu qonnis akka sochii diinagdeetti jalqabe. Eegalli qonnaa seenaa fi adeemsa mataa isaa qaba, Sana boqonnaa lammaffaa keessatti bal’inaan kaafna.  Akkuma beekkamu eegalamuun qonnaa namni fedhii nyaataa akka naannoo irra jiraaturraa akka argatu isa gargaare. Kun immoo dabaree isaatti ilmi namaa qubsama dhaabbataa jireenya daran walxaxaa jiraachuu akka eegalan isaan taasise. Guddinni kun ilmaan namaa jijjiirama guddaa karaa bosona ciruutiin, mana jreenyaa dhaabbataa ijaaruun fi quubsama yeroodha gara yerootti babal’isuutiin naannoo uumamaarraatti fide. Sochiin ilmaan namaa fedhii isaan caalatti guuttachuuf godhaa turan dabaree isaatti lakkoofsi ummataa akka dabaluuf fi jireenya daran walxaxaa, qabeenya uumamaa caalatti fayyadamuu, akkasumas waan haaraa oomishuu/warsheessuu keessa galame; haalli kun immoo ilmaan namaa gara sirna diinagde, siyaasaa fi hawaasummaa walxaxaatti akka cee’an isaan taasise. Kanarraa kan ka’e walitti hidhamiinsi geejjibaa fi daldalaa ni hundeeffame, daangaaleen siyaasaa ni uumame, qubsamoonnis gara magaalotaatti akka guddatan seenaan ni eera.

Dhawaatuma hawaasni jireenya ammayyaa, magaalaa fi industirummaa har’a arginu kanatti guddachaa dhufeen; naannoo uumamaa jijjiirama ulfaataa fi dhaabbataadhaaf miidhaadhaan guutamteef saaxilame. Rakkoo inni guddaan har’a addunyaa teenya muudate akkataa itti ittifayyadama anniisaa bifa itti fufiinsa qabuu fi naannoo hin mancaasisneen fayyadamuuti.    

Seenaa ilmaan naamaa guutuu keessatti naannoon uumamaa ilmaan namaatiif waantota barbaachisan kennuudhaan sochii isaarraan dhiibbaa geechisaa turte; sochiin ilmaan namaatis dabaree isaatti haala nama yaaddessuun naannoo uumamaa jijjiiree jira. Hayyoonni baay’een akka amananitti haalli hariiroo namaa fi naannoo gidduu jiru kun sadarkaa rakkisaarra waan gaheef lubbuun ilmaan namaa pilaaneetii kanarra jiraachuuf rakkoon kun furamuun dhimma filannoo hin qabne ta’ee argameera. Kaayyoon ji’ograafii hawaasaa rakkoo kana maqsuu keessatti kaka’uumsa, beekkumsa fi muuxannoo barbaachisaa gonfachiisuudha.

  1. Caacculee (components) fi Adeemsa qo’annoo (approaches) Ji’ograafii Hawaasaa

   Barattoota! Mee caccuulee fi adeemsota qo’annoo ji’ograafii hawaasaa garee xiqaadhaan irratti marii’adhaa. Fuulleeffannaa caacculee ji’ograafiis xiinxalaa

Akkuma seensa keessatti eerame ji’ogiraafiin dhimmoota hawaasummaa fi namummaa heddu waan ofkeessaa qabuuf caaccuulee garagaraa haammatee jira. Isaanis:

  1. Aadaa: kallattii Aadaa kan qo’atu damee ji’ogiraafii Aadaa (cultural Geography) yoo ta’u, kan inni qo’atus bu’aawwan Aadaa fi safuuwwan hawaasaa garaagarummaa fi hariiroo isaan iddoodhaan qabanirratti hundaa’eeti. Xiyyeeffannaan isaas dhimmoota akka afaanii, amantaa, naamusa fi ta’eewwan aadaa biroo ibsuu fi qaaccessuu irratti.
  2.  Dagaagina (Development) jiogiraafiin dagaaginaa qo’annoo wa’ee sadarkaa jireenyaa (Standard of living) fi qulqullina jiruu (Quality of life) jiraattotaa/Hawaasaa xiinxaluudha. Kanamalees gocsa fi sochii diinagdee ilmaan namaa guutuu addunyaarraa ni qaccesa. Toorri qo’annoo isaa ji’ogiraafii diinagdeetiin walitti ni dhiyaata.
  3.  Diinagdee (Economic)- ji’ogiraafiin diinagdee xiinxallii hariiroo sirna diinagdee, sadarkaa fi faaktaroota biroo ilmaan namaa fi nannoo uumamaa irratti xiyyeeffata. Dameelee xixiqqoo akka ji’ogiraafii gabaa fi geejjibaa ofjalatti ni hammata.
  4.  Fayyaa (Health) – inni kun immoo beekkumsa, odeeffannoo, muuxannoo, fi maloota ji’ogiraafawaa qo’annaa Fayyaa, dhukkuba, dawaa fi kunuunsa fayyaatiif oolchuu irratti xiyyeeffata. Dameen kana qo’atus ji’ogiraafii Fayyaa jedhama. 
  5. Seenaa (Historical) – ji’ogiraafiin seenaa qo’annaa Hawaasaa, uumamaa, yaadiddamaa, asoosama fi dhugaa ji’ogiraafii yeroo darbee qo’ata. Dameen kun dhimmoota babal’aa heddu kan akka jijjiirama naannoo/lafaa yeroo waliin, hariiroo ilmaan namaa fi naannoo uumamaa baroota keessatti fi akkataa namni naannoo uumamaa gara naannoo aadeffamaatti (cultural landscape) jijjiirama ture kkf ofkeessatti qabata. Damee xiqqaa isaas ji’ogiraafii yeroo (time geography) jedhama.
  6.  Siyaasa (Political)– dameen ji’ogiraafii siyaasaa ammo kan xiinxalu adeemsa garaagarummaa siyaasaa biyya lafaa kanarra jiruu fi adeemsi kun akkamitti haala naannootiin akka dhiibbaan irra gahudha. Dameelee xixiqqoo isaas ji’ogiraafii filannoo, ji’ogiraafii tarsiimoo, ji’ogiraafii waraanaa kkf dha.
  7.  Uummata (Population)– ji’ogiraafiin ummataa wa’ee garagarummaa walitti dhufeenya faca’iinsa, walmakiinsa, caasaa, baqannaa, saffisa guddinna fi kkf uumataa haala naannoo uumamaatiin wajjiin walqabsiisee qo’ata.
  8. Quubsama (Settlement)– dameen kun ji’ogiraafii magaalaas ni hammata. Ji’ogiraafiin qubsamaa haala, faca’iinsa, daanaa, rukkina, mijaa’ummaa, qulqullina, baay’ina fi kkf ijaarsotaa/manneenii akkasumas bu’uuraalee misoomaa naannoo jireenya/quubsama kan kan qacceessuu fi furmaata saayinsaawaa kan eeruudha.

Akkuma koorsii ji’ogiraafii Fiizikaalaa keeessatti barattan ji’ogiraafiin Adeemsa qo’annoo lama qaba. Isaanis mala qo’annoo wantaa (systematic approach) fi mala qo’annoo bakkaa (Reginal approach) dha.

                     Mala Qo’annaa Ji’ograafii

Mala qo’annoo wantaa– malli kun ta’ee ji’ogiraafawaa tokko fudhachuun faca’iinsa isaa, walquunnamtii inni naannoo waliin qabu fi dhiibbaa inni jiruu namaa irratti qabu gad-fageenyaan ilaaluudha. Fkn. Ji’oograafii siyaasaa, Ji’oograafii uummataa, Ji’oograafii aadaa, Ji’oograafii diinagdee, Ji’oograafii gabaa, Ji’oograafii geejjibaa fi kkf.

Mala qo’annoo bakkaa- Mala qo’annoo ji’oograafii isa lammaffa ta’ee naannoo murtaa’aa tokko (region) fudhaachuudhaan ta’eewwan adda addaa walitti dhufeenya isaan naannoo waliin qaban fi waliif qaban adda baasuun kan qo’atuu dha. Fkf. Ji’ogiraafii Itoophiyaa, Ji’ogiraafii Afrikaa, Ji’ogiraafii Addunyaa, Ji’ogiraafii Baha Jiddugaleessaa fi kkf fa’a.

  Faayidaan qo’achuu ji’ograafii hawaasummaa maal? Osoo ji’ograafiin kun jiraachuu baatee qabiyyeefi xiyyeeffannaan ji’ograafii maal ta’a ture. Namoota biroos koolleejjiin alatti gaafachuun dareef dhiyeessaa

  1. Faayidaa Qo’annoo Ji’ograafii Hawaasaa

Faayidaa qo’annoo Ji’ograafii Hawaasaa Qo’annoon ji’ograafii hawaasaa akkuma dameelee ji’ograafii isaan biroo faayidaalee heddu qaba. Faayidaaleen kunniinis yeroo tokko tokko dameelee gidduutti walirra bu’a. Dameelee isaatiinis ala yeroon gosa barnoota biroo waliinis walirra ba’anis nu mul’atu. Kanneen keessaa muraasni:

  • Falmiiwwan ijoo barawaa (contemporary) ji’ograafii keessa jiraniin wal nubarsiisa, akkasumas ijjannoowwan falmiiwwan kanneenii adeemsa seenaa barnootichaa keessatti maal akka fakkaatan akka ibsinu nu gargaara
    • Beekkumsa bal’aa waa’ee dhimmoota ji’ograafii barawaa fi akkamitti dhimmoonni kunneen sadarkaa amma jiranirra akka gahan gadi fageenyaan nu qabsiisa.
    • Hubannoo bu’uuraa waa’ee diinagdee, hawaasummaa, aadaa, siyaasa fi kkf sadarkaa naannuu xiqqaatii (local) hanga addunyaatti (global) gonfachiisa.
    • Gahee fi gumaacha ji’ograafiin yaadiddama fi guddina saayinsii hawaasaa keessatti gudhe ni hubachiisa.
    • Adeemsota jijjiirama barawaa waa’ee diinagdee, hawaasummaa, aadaa, siyaasaa kkf gadifageenyaan (critically) ni xiinxala.
    • Faayidaa hubachuun waa’ee garagarummaa (diversity) fi walfakkatina (homogeneity) adeemsa qorannoo ji’ograafiitiif qabu ni addeessa.
    •  Filmaata hubannoo kallattii haaraa akkaataa ilmaan namaa naannoon xiqqootii (local) hanga addunyaatti (global) walitti hidhaman nidhiheessa.
  1.   Seenaa Dagaagina Ji’ograafii Hawaasaa

Bara durii ji’ogiraafiin akka itti hubatamaa ture akka saayinsii lafaa (Earth Science) iddoo qo’annaan lafaa xiyyeeffannaa guddaa argateetti yoo ta’u, qubannaa dhimmi namaa fudhatamuun isaa hangas maraa miti. Jioogiraafaroota durii kanneen qo’annaa uumama naannoo irratti xiyyeeffatanii ykn fedhaniin murteessitoota naannoo (environmental determinists) jedhamu.  Haata’uu garuu, yeroo dhiyoo kana, xiyyeeffannaan namarratti akka qabannaa guddaatti irratti dabale kan nutti agarsiisu xiyyeeffannaan naannoorraa gara namaatti dabruu isaati. Adeemsi kun yeroma takkatti kan mul’ate osoo hin taane yeroo dheeraa kan fudhatee fi suutaan kan mul’ateedha. Ji’oogiraafaroonni hedduu guddina isaatiif gahee guddaa taphataa jiru.

Ji’ograafiin hawaasaa akka gosa barnootaa tokkotti kan beekkame yoomessa (time & place) isaa adda baasuun hojii salphaatti ilaallamuu miti. Maquma isaa irraa yoo kaanu ‘human geography’ jechi ‘human jedhu ji’ograafii dursee akka ibsa maqaatti/preface ta’ee argama. Kana jechuun jechi dameen ‘geography’ yoo ta’u ji’ograafiin hawaasaa gosa barnootaa ji’ograafii booda kan argame ta’uu isaa agarsiisa. Barreeffamoonni gara garaas yeroo fi iddoo dhalootaa gosa barnootaa kanarratti walii hingalan. Haata’u malee, akkuma armaan olitti ibsame yeroo fi iddoo murtaa’aa beekuuf akka nama rakkisu hedduun isaan ni eeru.

Akka Livingstone (1992: 198)tti jechi ji’ograafii hawaasaa kan bu’ureffame ji’ograafara warraaqsaa kan ta’e lammii Jarman Ferederik Ratzeeliidhaan yoo ta’u biyya Biriteenitti ammo waldaan ‘The Royal Geographical Society’jedhamu bara 1831 hundeeffamee bara 1893tti barruulee ji’ograafii maxxansuu eeggale. Haata’u malee, hanga 1909tti barreeffama/keeyyata ji’ograafii hawaasaa ibsu qabattee hin baane.

Barruuleen ji’ograafii hawaasaa of-danda’ee kan hundaa’e bara 1977tti yoo ta’u hanga jarraan 20ffaan seenutti kitaabni barataa tokkoyyuu jecha ‘human geography’ jedhu qabate biyyoota afaan Ingiliizii fayyadaman keessatti hin barreeffamne. Kana jechuun waa’een caacculeen ji’ograafii hawaasaa hanga yeroo kanaatti hinbarreeffamne jechuu miti. Walumaagalatti, hanga 1950’moota fi 1960’mootaatti ji’ograafiin kun beekkamti hin arganne jechuu nidandeenya. Kun kan agarsiisu dameen ji’ograafii kun umrii ji’ograafiitiin walbiratti akka daa’ima reefu dhalatteeti. Faallaa kanaatiin ji’ograafiin fiizikaalaa abbootii ji’ograafii kan ta’an kanneen akka Emaanu’eel Kaanti fi Kaarl Ritteriin walakkaa jaarraa 18ffaatii eegalee maxxaansaaleen adda addaa irraatti qophaa’aa turan.

Yeroo ammaa ji’ogiraafiin Hawaasaa akka damee tokkootti ol-jedhee dhaabbachuun rakkoolee hawaasummaa gama hundaan guutuu addunyaarratti akkasumas gochaalee Aadaa fi sochiilee ilmaan namaa naannoo uumamaatiin walsimsiisuudhaaf shoora olaanaa bahaa jira. Haaluma kanaan, ji’ograafiin kun amma dameelee heddu horachuun dhimmoota namummaa, hawaasummaa, siyaasaa, diinagdee, aadaa, fayyaa fi kkf adda baasuun gadi fageenyaan qo’achuun rakkoolee yeroo amma ilmaan namaa qoraa jiran furuu keessatti gahee leencaa fudhachaa jira.

    – Seenaa dagagina ji’ograafii hawaasaa kanarraa maal hubatte?

  • Namoonni guddina damee barnootaa kanaaf gumaachan eenyu fa’i? Shoora isaan taphatan addeessi.

Boqonnaa Lama

Ji’ograafii Diinagdee (Economic Geography)

  • Hiika fi Garagarummaa Qo’annoo Diinagdee/Ikonomiksii fi Ji’ograafii Diinagdee

Boqonnaa tokkoffaa keessatti ji’ogiraafiin gosoota gurguddaa lamatti akka qoodamuu fi gosoonni kunis ji’ogiraafii fiiziikaalaa fi ji’ogiraafii hawaasaa ta’uu isaanii barattee jirta. Kutaalee ji’ogiraafii keessaa ji’ogiraafiin diinagdee (economic geography) damee ji’ogiraafii hawaasaa jedhu keessatti akka hammatamu ilaallees jirra. Akka seenaan barnoota kanaa ibsutti Ji’ogiraafiin diinagdee bara 1880 irraa eegalee of danda’uudhaan ji’ogiraafii fiizikaalaa irraa kophaatti baheera. Haata’u malee, ji’ogiraafiin diinagdee jii’oogiraafii daldalaa (commercial geography) wajjin walitti makamee hanga Joornaaliin Ji’ogiraafii Diinagdee bara 1925 biyyaa Ameerikaa (USA) Univarsitii Kilarkitti, gulalaa fi hundessaa joornaalichaa ‘Wallace W. Atwood’ tiin maxxanfamutti barsiifamaa ture.

Leenjifamtoota! Mee amma immoo gidduumaan hiika fi maalummaa ji’ograafii diinagdee xiinxala. Dameewwan ji’ograafii diinagdee eenyuun fa’i? Hariiroon Ji’ograafii diinagdee Ikonomiksii, Jji’ograafii daldalaa gidduu jiru maali?  Gumaachi isaan waliigodhan akkamiin hubattu

Ji’ogiraafiin daldalaa damee ji’ogiraafii ta’ee waa’ee yaadota dhugaa (facts) gadi fageenyaan barsiisa. Fkn. Yaada waa’ee oomishaa irrati xiyyeeffata.

Ji’ogiraafiin diinagdee immoo:

  • Yaada wantootaa olitti ni deema (hojiitti hiika)
  •  Sababa malee bu’aa ykn firii irratti hin xiyyeeffatu
  •  Adeemsa fi haala (trend & pattern) sochiiwwan diinagdee irratti ni xiyyeeffata.

Walumaagalatti, haallan oomisha, wantootaa fi meeshaalee baldhinaan waan qo’atuuf ji’ogiraafiin diinagdee ji’ogiraafii daldaldalaa caalaa baldhina qaba. Kanaafuu, ji’ogiraafiin daldaldalaa akka damee ji’ogiraafii diinagdeetti qoodamuu ni danda’a.

Guddinni ji’ogiraafii diinagdee gara jalqabaa irratti qo’annoo waa’ee amaloota meeshaalee oomishamanii fi dandeettii oomishtummaa naannoolee geggeessa ture. Kanaafuu ji’oogiraafaroonni diinagdee waa’ee ga’ee faaktaroota ji’ogiraafii kanneen akka qilleensa baramaa, teessuma lafaa, biyyee fi kkfn sochii fi jireenya ilma namaa irratti qaban kan qo’atu ture.

Yaaddan armaan olii irratti hundaa’uudhaan ji’ogiraafiin diinagdee hiikkaa armaan gadii qaba:

Ji’ogiraafiin diinagdee qo’annoo waa’ee qabsoo ykn sochii ilmi namaa jireeenya isaa fooyyeffachuuf naannoo uumamaa waliin godhu dha. Haata’u malee, hiikkaan armaan olitti kenname gosa barnootaa kanaaf hiikkaa guutuu mit. Sababni isaas hiikkaan kun guutumman guutuutti ji’ogiraafii diinagdee kan ibsu osoo hin ta’iin gartokkee isaa kan ibsuu fi barnootichis ofuma isaatiif yeroo irraa gara yerootti maloota xiinxallii, qabiyyee fi gahee diinagdee ji’ogiraafaroota diinagdee bara 1950’n keessa jijjiirraamni waan muldhateefi. Ji’ogiraafaroonni diinagdee waa’ee faaktaroota diinagdee, hawaasaa fi siyaasaa gahee olaanaa akka qaban hubanoo argataniiru.

Baroota kana keessa yaadni ji’ogiraafii irratti duraan murteesummaa naannoo (environmental determinism) ture irraa gara murteessuummaa diinagdee (economic determinism)tti ce’eera. Sadarkaa 2ffaa irratti immoo jijjiirama haaraa ji’ogiraafiin xiinxala herregaa (quantitative revolution)tti seenuu fi yaaddan nama dinagdawaa (economic man) akkasumas yaaddan diinagdee haaroofni (neo-classical economies) gara ji’ogiraafiitti makamuu isaaniiti.

 Isaan kun rakkoowwan ji’ogiraafii keessatti uumamanii turaniif daandii furmataa ta’aniiru. Fkn:        –   Maloota xiinxala herrgaa/istaatistiksii

  • Hubannoo qo’annaa
  • Ilaalcha yaad-qalbii (behaviorist approach)
  • Moodeelota yaadiddamaa fi kkf

Haaluma kanaan, ji’ogiraafaroonni malootaa fi teekiniikoota adda addaatti fayyadamuudhaan rakkoowwan ji’ogiraafiif mala dhahuu jalqabaniiru. Itti dabalees sababa suuta suutaan yaadni diinagdee haaroffin ji’ogiraafiitti dabalamaniin dameewwan qo’annoo haaraa kaneen akka:

  • Yaadad hidama argama dinagdawaa (economic location theories) fi
    • Saayinsii naannoo (regional science) jalqabamaniiru.

Armaan gaditti hiikkaa ji’ogiraafii diinagdee kan saayinsawaa fi amansiisaa ta’e lama dhihaataniiru. Isaanis:

  •  Akka hayyicha Roobiinsan H (1979) hiikketti ji’ogiraafiin diinagdee rakkoowwanii fi maloota jireenya geggeessuu fi lafa (naannoowwan) gidduutti walitti dhufeenya uumuu ti. Haata’u malee hiikkaan kun baldhinaan (scope) daanga’aa fi yaadi bu’uuraa guutuu kan hin taane dha. Akka hiikaa kanaatti ji’ogiraafiin diinagdee dhimmoota oomishaa, geejjibuu oomishaa, faca’iinsa (raabsuu) fi itti fayyadama (consumption) oomishaa ykn meeshaalee oomishamanii (commodities) qofa irratti kan xiyyeefate dha.
  •  Akka wiileer J.O (1981) hiiketti immoo ji’ogiraafiin diinagdee fuula lafaa irratti faca’iinsa oomiishaa, raabsaa fi sochiiwwan itti fayyadamaniisaa (consumption) fi haallan ykn faaktaroota faca’iinsa oomishaa ykn meeshaale ta’an irratti kan xiyyeeffatu dha. Kanaaf hiikkaan wiileeriin kenname kan Roobiinsan waliin yeroo madaalamu hiikkaa guutuuu fi fudhatama kan qabuu fi saayinsoota lamaan (ikonomiksii fi ji’ogiraafii) kan hammatu dha.

Hiikkaa ji’ogiraafii diinagdee fudhatamaa fi amansiisaa ta’e argachuuf gosoota barnootaa lamaan (ikonomiksii fi ji’ogiraafii) adda adda baasnee haa ilaallu.

Ikonomiksiin saayinsii waa’ee sirna qo’annoo priinsiippiloota oomishaa, faca’iinsaa, gabaa fi iti fayyadama oomishaa meeshaalee yemmuu ta’u, Ji’ogiraafiin immoo saayinsii sirna beekumsaa qindaa’aa waa’ee faca’iinsa fi qindoomina wantoota aadaa fi fiiziikaalaa fuula guda lafaa irratti argamuu fi walitti dhufeenya gidduu jiru qo’atu jechuu dha.

Lafa irratti yeroo hundaa hanqinni leeccaalloo (resourece) waan jiruuf ikonomistoonni yeroo mara waa’ee prinsiippilota bu’aa guddisuu (maximizing profit) irratti yemmuu xiyyeeffatan ji’ogiraafaroonni immoo lafa irratti faca’iinsa wantootaaf dursa kenna.

Karaa biraatiin ji’ogiraafiin diinagdee damee ji’ogiraafii kan waa’ee faca’iinsa sochiiwwan diinagdee, haalaa fi adeemsa akkaataa argama isaanii qo’atu jechuu dha. Kana jechuun immoo ji’ogiraafiin diinagdee sochiiwwan diinagdee hedduu argama ji’oogiraafawaa adda addaa wajjiin uummataa fi fiizikaalaa kan faca’iinsa diinagdee irratti dhibbaa geesisan qoa’ata.

Hubannoo gaariin gama kanaan jiru sochiiwwan diinagdee bakka tokkotti argaman haala akkamiin akka walitti dhufanii fi haala kamiin immoo sochiiwwan diinagdee bakka tokko jiran bakkeewwan biroo waliin akka walqunnaman kan muldhisuudha.

Fkn. Argama birqabaatiin bakka ijaarsa warshaaleef xiinxalliin bakki meeshaalee dheedhiin itti argamanii fi dhiheenya gabaa hubannoo keessa galchuun barbaachisaa dha.

Karaa baay’ee salphaa ta’een ji’ogiraafiin diinagdee akka armaan gadiitti hiikamuu ni danda’a. Isaanis:

  1. Fuula lafaa irratti faca’iinsa sochiiwwan diinagdee
  2. Haallan uummataa, fiizikaalaa fi haala isaan fuula lafaa irratti argaman kan qo’atuudha.

Gabaabumatti ji’ogiraafiin diinagdee Sochiiwwan diinagdee ilaalchisee gaaffilee armaan gadii irratti kan xiyyeeffatu dha. Isaanis: Maal? Akkamitti? Maaliif? Eessatti? fi kkfn kan xiinxaluudhaan fala isaa barbaada. Yaada armaan oliif gaaffilee armaan gadii kaasuu ni danda’a. Isaanis:

  • Meeshaalee akkamiiti oomishaman?
    • Meeshaaleen kunniin eessatti oomishaman?
    • Meeshaaleen kuniin maaliif oomishaman?

Kanaafuu ji’ogiraafiin diinagdee oomisha meeshaalee sadarkaa 3 irratti xiyyeeffata. Isaanis:

  • oomisha meeshaalee dheedhii
  • meeshaalee dheedhii warshaa keessa galchuu/warsheesuu (processing)
  • faca’iinsa/raabsaa meeshaalee

Dameewwan qo’annoo ji’oogiraafii dinagdee

Ji’oogiraafiin dinagdee dameewwan qo’annoo armaan gadii of keessaa qaba. Isaanis:

Fakkii 2.1 dameewwan Ji’ogiraafii Diinagdee

Akkuma armaan olitti ibsame ji’oogiraafiin dinagdee waa’ee oomishaa uummatni oomishuu, faca’iinsaa, geejjibaa fi fayyadama oomishaalee kanneenii irratti waan xiyyeeffatuuf uumamaan ji’oogiraafii hawaasa keessatti qoodama.

Qo’annoo sirna dinagdee fi rakkoowwan isaa ilaalachisee ji’oogiraafaroonni dinagdee saayintistoota ikkoonoomiksii waliin yaadaa wal jijjiiru. Kanaafuu ikkoonoomistoonnii fi ji’oogiraafaroonni gosa baranootaa tokko (waa’ee sochii dingdee) qo’atu. Haata’u malee, akkaataa barnooticha kennuu irratti adda addummaa qabu. Ikkoonoomiksiin priinsiippiloota oomishaa bu’aa guddissu irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u ji’oogiraafiin dinagdee immoo lafa irratti haala faca’iinsa oomishaalee (spatial aspect) irratti xiyyeeffata.

  • Gosoota Gurguddoo Sochiilee Diinagdee fi Amalota Isaanii

Haala oomishaa/bu’aa irratti hundaa’uun sochiileen diinagdee iddoo gurguddoo saditti qoodamu. Gosoonni fi amallan isaaniis akka armaan gadiitti ibsamanii jiru.

   – Sochiilee diinagdee gurguddoo gosoota isaaniitiin tarreessi.

      – Gaheen sochiilee diinagdee tokkoon tokkoo isaanii guddina biyyaatiif qaban haala qabatama biyya keenyaa fi naannoo keenyyaatiin addeessi.

  – Waajjiraalee qonnaa, industrii, misooma bosonaa, bishaani fi albuuda, daldalaa fi geejjiba naannoo keetitti argamu dhaquun sochii seektarri isaanii misooma biyyaa keessatti qabu tokkoo tokkoo isanirraa odeeffanno fudhachuun barreeffama gabaabaadhaani fi calaqqeen dareedhaaf dhiyeessi. Kallattii gumaachaatiin, sochii taasisaniin fi hojimaata isaaniitiin wajjiraalee kanneen madaali.

2.2.1. Sochiilee Diinagdee Dursaa (Primary Economic Activities)

Sochii dinagdee sadarkaa 1ffaa jechuun qabeenyaa uumamaan bu’uura ta’an argachuu fi itti fayyadamuu jechuu dha. Qabeenyaa uumamaa kanneen bu’uuraa warri jedhaman biyyee, kattaalee, bishaan, bosonaa fi kkf of-keessatti qabata. Sochiin kun meeshaalee dheedhii warshaa fi industiriif oomishaman kanneen akka kattaa boba’aa (coal), albuuddan, suufii, jirbii, saanqaa fi kkf baasuu/oomishuus ni hammata.

Sochiiwwan dinagdee sadarkaa duraa (tokkoffaa) kanneen jedhaman:

  • hojii qonnaa
  • hojii qurxummii qabuu
  • hojii albuudaa baasuu
  • hojii bosonaa
  • hojii adamsuu fi funaansaa fi kkf

     2.2.1.1   Qonna

       i. Hiika qonnaa

Qonnaa: jechuun waanta nyaatan argachuuf ykn guddina dinagdee fiduuf jecha biqiloota dhaabuu fi beelladoota horsiisuun fuula lafaa ta’e jedhanii itti yaadanii jijjiiruu jechuu dha. Qabxiilee ijoon qonnan walqabatan:

  • Akka adamoo fi biqiloota funaanuu osoo hin taane qonnaan faayidaa dinagdee argachuuf jecha itti yaadame kan raawwatamuudha. Adamoo fi biqiloota funaanuu keessatti dhalli namaa waa hunda uumamu irraa eega.
  • Qonnaan horsiisa beeladoota fi biqiloota biqilchuu fi guddisuu dabalata.
  •  Gochaaleen qonnaa fuula lafaa kana jijjiiruu dabalata (fida)

ii. Jalqabamuu qonnaa

              Qonni osoo hin eegaliniin dura dhalli namaa nyaata eessaa argachaa ture?

Hanga yeroo qonnaan eegalamee bara 6000n duraatti dhalli namaa guutumaan guutuutti waan isaaf barbaachisu kan inni argachaa ture bineensota bosonaa adamsuu fi biqiloota ija, hiddaa fi baala mukaa funaanuu irraa ture.  Yeroo ammaa kana qonnaan waliigalli uummata adduunyaa keessaa noonnoo %67 kan jiraachisaa jiru sochii dinagdee isa bal’aa fi guddichadha.  Gama birootiin biqiloota funaanuu fi adamoon ammo uummata adduunyaan waliigalaa keessaa kan baay’ee yartuu ta’an (250,000 ykn 0.005% gadi) kan ta’an kan jiraachisaa jiruu fi sochii dinagdee bakkeewwan fagoo fi bira ga’uun rakkisaa ta’e adda addaa keessatti ciccitee argamuudha.

                     Sochiin qonnaa akkamitti uumame?

  • Dhalli namaa yeroo biqiloota funaanaa ture osoo hin jaallatiin jirma, ijaa fi baala biqilootaa kutee lafa buusaa tureera.  Uummanni kun suuta akka biqiloonni lafa bu’an kun deebi’anii ija kennuu danda’an hubataniiru.  Kanatti fufuudhaan adamsitoonni fi funaantonni biqiloota akka iji, baalli fi jirmi biqiloota kanaa deebi’anii biqiloota haaraa ta’uu danda’an mirkaneeffachuuf jecha ittuma yaadanii ija, jirmaa fi baala mukaa kutanii lafa buusaa turaniiru.  Dhaloonni itti aanu ammo biqiloota kana irratti bishaan dhangalaasuu fi dikee hundee isaanii jalatti naquu baratanii turan.  Kun ammo oomishtummaa biyyeedhaa fooyyessuudhaaf ture.  Qonnaan sochii akkuma salphaatti argame osoo hin taanee bu’aa ta’ee battalaa, shaakala fi muuxannoo waggoota kuma hedduuti.

?  Qonnaan kan argame akka bu’aa walitti dabalama gocha akka tasaa fi yaalii itti yaadamee hojjetamee ti.

    Qonnaan jalqaba eessatti eegale?

Jalqaba irratti qonnaan kan eegalame bakka murtaa’e tokko qofa keessatti osoo hin taanee bakkeewwan of danda’oo adda addaa (handhuurota) keessatti ture.  Bakkeewwan jalqabaa kana irraa madduudhaan qonnaan fuula lafaa kana irratti kallattii adda addaatti faca’uu danda’eera. 

Akka kaarl Seever jedhutti biqiloonni jirmaa jalqaba kibba baha Eeshiyaa keessatti eegalaman. Akka amanamutti biqiloonni jirmaa fi hidda isaaniitiin wal-horan kun bakka kanatti kan eegalamaniif sababoota lamaaf.

  1.  Bakkeewwan kun haallan fiizikaalaa adda addaa (qilleensa baramaa fi teessuma lafaa fi kkf) qabaachuun isaanii akka biqiloonni adda addaa achi keessatti biqilanii guddataniif haala mijeesseera.
  2. Uummanni naannoo sanaa warra bakka biroo caalaa qubatoo (sedentary) ta’uu danda’u.  Kun ammo akka isaan ilaalcha guddaa biqiloota dhaabanii (awwaalanii) biqilchuu irratti ilaalcha guddaa qabaatan taasiseera.
  3. Biqiloonni si’a jalqabaa kibba baha Eeshiyaa keessatti biqilfaman:
  • Biqiloota mukaa fkf muusii
  • Biqiloota hiddaa fkf yam
  • Biqiloonni jirmaa fi hidda isaaniitiin wal horan kun kibba baha Eeshiyaa irraa eegalanii haala armaan gadiitiin addunyaa mara irratti tatamsa’aniiru.

Fakkii 2.2. Tamsa’ina biqiloota jirmaa fi hiddaan walhoranii

Kibba baha Eeshiyaatiin alatti bakkeewwani (handhuurri) of danda’oon biqiloonni jirmaa fi hiddaan wal-horan keessatti oomishamuu eegalan: Afrikaa Dhihaa, Gara kaaba dhiha Ameerikaa kibbaa.

             Biqiloonni sanyiin (ijaan) wal horan eessatti eegalaman?

  • Akkuma biqiloota hiddaa fi jirmaan wal-horanii biqiloonni sanyiin wal-horanis bakkeewwan handhuura tokko caalaa qaban keessatti si’a duraa argaman.  Akka kaarls Seever addaan baafatetti handhuurota biqiloonni sanyiin wal-horan keessaa burqaan shanitu ture.  Isaanis:
  •  Kibba dhiha Eeshiyaa-fkf ruuza
  • Kaaba Chaayinaa fkf Mishingaa
  • Itoophiyaa fkf Mishingaa fi daagussaa (millet)
  • Kibba Meksiikoo fkf midhaan calla (boqqolloo)
  •  Kaaba Peeruu fkf Baaqelaa fi Jirbii
  1. Gosoota Qonnaa

Akkaataan qonnaan ittiin geggeeffamuu bakka bakkatti adda addummaa bal’aa ta’e qaba. Sochiileen qonnaa adda addaa naannoo addunyaa kanaa irratti geggeeffamaa jirani bu’uuraalee garagaraa irratti hundaa’uudhaan qoqqoodamuu ni danda’u.  Fakkeenyaaf bu’uuraalee armaan gadii irratti hundaa’uudhaan qoqqoodamuu ni danda’u.

  • Baldhina lafa qonnaa
  • Akkaataa qindoomina isaanii
  • Hanga makaanaayizeeshinii qonnaa hojiirra oolaa jiruu
  • Gosoota biqiloota oomishamanii
  • Dagalee lafaa
  • Kaayyoo oomishichaa fi kkf.

Kaayyoo barreeffama kanaa qofaaf jecha bu’uuraaleen qoqqooddaa qonnaa:

  • Bu’aa oomisha irraa argamu
  • Kaayyoo oomishichaa
  • Hanga dhaabbattumaa isaa (degree of permanency)
  • Sadarkaa humnaa fi kaappitaala qindoomina hojichaa irratti baasii ta’uu.
  1. Gosoota oomisha xumuraa

Ulaagaa kana bu’uureffatee sochiileen qonnaa iddoowwan gurguddoo sadiitti qoodamu.  Isaan kunis: 1. Qonnaa Biqiloota oomishuu (arable farming)

          2.  Qonnaa Beelladoota horsiisuu (pasturial farming)

          3.  Qonnaa wal makaa (mixed farming)

1. Qonnaa biqiloota oomishuu: inni kun sochii qonnaa isa midhaan oomishuu irratti xiyyeeffatuu dha.  Kun ammo kan geggeeffamu lafa diriiraa biyyeen isaa xaa’oo guddaa qabu irrattii dha.  Biqiloonni asirratti oomishaman bakka lamatti qoodamu.  Isaanis:

  1. Midhaan nyaataa
  2. Midhaan warshaalee.
  3. Qonnaa beellada horsiisuu: Inni kun ammoo beelladoota horsiisuu dha.  Kan geggeeffamus lafa dalagaa qonnaa biqiloota guddisuutiif mijataa hin taane irratti dha.  Kana jechuun lafa baay’ee qorraa, bishaan kuufatee argamu, dhundhulli isaa guddaa fi olka’aa irratti jechuu dha. Horsiisni beelada kaayyoo lamaaf adeemsifama. Isaanis: beelada fooniif horsiifamanii (Beef-farming) fi beelada bu’aalee aananiitiif (Dairy farming) horsiifamaniidha.
  4.   Qonnaa walmakaa (mixed farming): Inni kun ammo sochii qonnaa isa keessatti biqiloota oomishuu fi beelladoota horsiisuun wal-cinaatti geggeeffamaniidha.  Inni kun rakkoo waan-tokkee (monoculture) jechuun beelladoota horsiisuu ykn biqiloota oomishuu qofa  irratti of gatuudhaan dhufuu danda’u irraa nama baraara.
  5. Kaayyolee oomishichaa

Kaayyolee oomisha oomishamuu sanaa irratti hubndaa’uudhaan sochiileen qonnaa bakka lamatti qoodamuu ni danda’a.  Isaanis: Qonnaa oomisha gurgurtaa (commercial farming) fi qonnaa oomisha nyaataa (subsistence farming).

      c. Bakka tokko irra yeroo hammamiif akka turan.

Dheerina yeroo isaan bakka tokkorra turanii irratti hundaa’uun sochiileen qonnaa bakka gurguddoo 2tti qoodamu.  Isaanis: Qonnaa siqaa (shifting caltivation) fi Qonnaa bakka tokko dhaabbataa (sedentery farming)

  1. Qonnaa lafa jijjiiruu (shifting cultivation)

Inni kun gosa sochii qonnaa isa keessatti qotee bultoonni lafa haaraa kan borqii hin ta’inii fi haramaan itti hinbaay’anne akkasumas qonnaan isaa akka salphaatti geggeeffamuu danda’u barbaachaaf jecha lafa (ooruu) duraan qotaa turan gad-lakkisanii bosona ciruuf bakka bakkatti adeeman jechuu dha.  Lafa yeroo qulleessan mukkeen ni murmuru margaa fi gogaa mukkeenii ammo abiddaan gubuudhaan qulleessu. Akkasumas maqaa muruu fi gubuu jedhamuun beekama.                        

  1.  Qonnaa dhaabbataa (Sedentary Agriculture)

Qonni kun gosa sochii qonna ta’e isa oomishni biqilootaa fi horsiisni beelladootaa yeroo dheeraadhaaf bakka tokko irratti geggeeffamu jechuu dha.  Isa kana keessatti qotee bultoonni bakkaa bakkatti hin socho’an. Addunyaa kana irratti gosoonni qonnaa baay’een isaanii qonnaa dhaabbataa dha.

d. Sadarkaa kaappitaalaa, human hojii fi lafa.

Hanga kaappitaalaa, human hojii fi bal’ina lafa irratti raawwatamuu bu’uura godhachuudhaan sochiileen qonnaa bakka lamatti qoodamu. Isaanis:

  1.  Qonnaa Intensiivii: Jechuun qonnaa lafa murtaa’aa ta’e tokko irratti kaappitaalaa fi humni nama hojii hojjetuu baay’inaan irratti bobba’ee oomishtummaa guddisu jechuu dha. Yaadichi lafa murtaa’e tokko irraa oomisha guddaa hamma danda’ametti argachuuf yaaluu jechuu dha.

ii. Qonnaa Eksteensiivii: qonna kana kaayyoon isaa lafa murtaa’aa ta’e tokko irraa galii guddaa argachuu utuu hintaanee, rakkooon lafaa waan hin jirreef lafa qonnaa babal’isuun oomshtummaa dabaluuf carraaquudha. Tooftaan kun birqabaan yooilaallamu lafa guddaa ta’e irraa oomishni xiqqoon argamuu dha.

  • Hojiiwwan Bosonaa (Forestry)

Bosona jechuun mukkeen gugguddoo bakka murtaa’aa tokko irratti baay’inaan margan jechuu dha. Bosonni baayina gosa biqilootaaa keeessatti marganii fi gosa qilleensa baramaa keessatti marganiin irratti hundaa’anii maqaa moggaafamaniiru.

Kanaafuu bosoni qabiyye gosa mukkeen keessatti argaman irratti hundaa’uudhaan bakka lamatti qoodamu Isaanis

  1. Bosona qulqulluu (pure)
  2. Bosona walmakoo (mixed)

Bosonni qulqulluun qabiyyee mukeenii gosa fi akaakuu tokkoo ykn murtaa’oo kannneen walfakkaataan hojii ittiin hojjechuudhaaf baay’ee sasalphaa fi mijaa’oo ta’an of keessaa qabu. Bosona kana keessatti 80% kan ta’u mukkeen gosaan tokko dha.

Bosona qulqullii keessatti mukkeen baay’ee beekamoo ta’an lama jiru: bosona konifarasii fi bosona desiidsii

Bosonni biyya keenyaa yeroo ammaa sadarkaa maaliirra jira? Rakkooleen misooma bosonaa biyya keenyaa maal? Miidhaa rakkoolee kanaan gahan gareen marii’adhaa.

  •  Bosona konfirasii. Bosonni konfarsii akkuma maqaan isaa ibsutti mukkeen bifa ykn danaa koonii qabantu keessatti marga maqaan konifarasii jedhus danaa koonii irraa kan moggaafame dha. Bosonni kun maqaa taayigaa jedhamuun moggaafame dha. Bosonni kun maqaa taayigaa jedhamuun kan beekamuu dha. Addunyaa irratti beekkeewwan bosonni konifarasii jalqabee hanga garba Atilaantikiitti walitti fufiinsaan haguugee kan argamu dha. Bosonni konifarasii dagalee 550_700kaabaatti argama. Heemisfeera kibbaa keessatti iddoon kun bishaaniin uwwifamee waan argamuuf heemisfeera kaabaa qofatti marga.

Mukkeen bosona konifarasii keessatti margan hojjaan isaanii baay’ee dhedheeraa fi lalloofoo (soft wood) waan ta’aniif itti fayyadamuudhaaf salphaa ykn mijaa’aa dha. Kana malees mukkeen bosona kana keessatti margan akaakuu ykn gosa tokko qofa waan ta’aniif mukkeen bosona biro keessatti margan caalaa mijaa’oo fi tajaajila meeshaalee dheedhii warshaalee mukaa addunyaa irratti argamaniif kan oolanis bosona kana irrati.

      b.Bosona Desiidasii

Bosonni gosa kanaa yeroo bonaa ykn caamaa bishaan qaama isaani keessaa hurkaan bahu hir’isuuf baala isaanii of irraa harcaafatani dha. Mukkeen kun baala babaldhaa (brood leated) qabu .

Bosona kana keessatti mukkeen gatii (value) qabeeyyii kanneen akka saanqaa fi meeshaalee biroof kan oolan waan marganiif warshaalee mukaa konifarasii baay’ee kan barbaadamanii dha. Bosonni desiidasii naannoowwan rooba gaarii argatan kanneen akka: Dhiihaa fi g/galeessaa Awurooppaa, Kaaba-bahaa Ameerikaa, Kibba Chiilii, Tasmaaniyaafi Niwuuzlaand keessatti margu. Bosona kana keessatti mukkeen akka ookii ashii, biichii, biriichii fi kkf dha.

Dhimmi hojii bosonaa itti geeggeeffamu adduunya mara irratti walfakkaata miti. Akkauma armaan olitti ibsame bosona jechuun mukkeen bakka tokkootti hedduminnaan guddatanii jiran dha.

Yeroo har’aa sababa dhalli namaa hmana isaa duguugee bosonatti fayyadamaa jiruuf addunyaa guutuu irratti qulqullinni fi baayinni bosonaa waggaa irraa gara waggaatti har’a gara gammoojjii oo’aatti jijjiiraman illee osoo hin hafiin bosonaan kan uwwifaman turan. Badiinsa bosonaat sababa kan ta’an wantoonni adda addaa jiru. Isaaniis baay’een isaanii hojii namoonni hojjetan waliin kan wal qabatan ta’uu isaanii hin shakkisiisu.

Walumaa galatti walitti dhufeenya namootaatiin sababaan badiinsa bosonaa fidan kanneen armaan gadiiti. Isaanis:

  1. Saffisaan guddachuu lakkoofsa uummataa irraa kan ka’e lafa qonnaa haaraa baafachuuf bosona ciruu,
  2. Damma holqa mukkeen bosonaa keessaa baafachuuf yemmuu mala aadaatiin fayyadaman bosona gubuu,
  3. Bu’aawwan bosonaa kanneen akka cilee gurgurachuuf bosona gubuu,
  4. Meeshaalee dheedhii kanneen akka saanqaa fi kanneen biro industirii keessa galaniif mukkeen ciruu,
  5. Meeshaalee mana keessaa fi biiroo hojjechuuf mukkeen bosonaa mancaasuu,
  6. Dandeetti lafti bosona baachuu danda’u olitti beeyiladoota hedduu bobbasuudhaan mukkeen caccabanii akka badanii fi biyyeenis lolaan fudhatamuu,
  7. Lafa qotiisa midhaanii irra bineensoota akka jaldeessaa, qalamee fi kkf of irraa fageessuudhaaf bosonaa ciruu,
  8. Babaldhina magaalotaa keessatti mansa jireenya dhaabbattoota akka warsha,       yuunuvasrsiitii gamoowwan hojjechuuf mukkeen ciruu,
  9. Babaldhina magaalotaa keessatti mana jireenyaa dhaabbattoota akka warrshaa, yuunivarsiitii fi gamoowwan hojjechuuf mukkeen ciruu akkasumas bakka ijaarsi kun irraatti geggeeffamu (lafairra gamoowwan dhabbataniifis) bosonni ni mansa’aa,
  10. Karaa (dandii) konkolaataa fi hadiida baaburaa hojjechuudhaafis bosoni bakka hedduutti cirama,
  1. Bosona Walmakoo (mixed) forests.

Bosona Walmakoon qabiyyeen isaa mukkeen gosaa fi akaakuu lamaa fi isaa ol ta’an naannoo tokkoo keessatti kan marganidha. Bosona kana keessatti sanyiin mukkeenii kan salphaatti gosoota biroo irraa addaan bahan gosoota mukaa warra gugguddaa (principal trees) fi mukkeen jalaan ka’oo (accessories) of keessaa qabu.

   Hojii bosonaa jechuun maal jechuudha/ gareen marii’achuun calaqee dhiheessaa

Hojii bosonaa (Foorestirii) Jechuun saayiinsii ykn aartii waa’ee to’annoo bosona irratti dhimmoota oomishaalee mukaa walitti fufiinsaan qulqullina guddaa fi baay’inaan tajaajilaa fi bu’aa bosona irraa argamu irratti hojjetu jechuudha. Kaayyoowwanii fi bu’aawwan bosona irraa barbaadaman bu’uureffachuun saayinsiin bosona irraa barbaadaman bu’uureffachuun saayinsiin bosonaa (forestry) kutaalee armaan gadiitti qoodama. Isaanis:

  1. Foorestirii miidhaginaa (aasthatics) jechuun hojjiiwwan bosonaa kan misoomaa fi kunuunsa bareedina ykn miidhagina naamoo uumamaa irratti xiyyeeffate jechuu dha.
  2. Foorestirii daldalaa (comericial) jechuun hojiiwwan bosonaa kaneen akka sanqaa, tiimberii fi bu’aawwan bosonaa kan biro dhaabbilee maallaqaa fi warshaaleef dhihaatu qopheessuu jechuu dha.
  3. Foorestirii lafa baldhaa irratti geggeeffamu (extensive forestry) jechuun immoo hojiiwwan bosonaa kan lafa heektaara baldhaa irraa oomisha gudaa argamsiisu irratti hirmaachuu dhaan invastimantii mukkaa geggeessuu jechuu dha.
  4. Foorestirii lafa xiqqaa irratti geggeeffamu (intensive forestry) jechuun immoo hojii bosona namoonni malootaa fi tooftaalee ammayyaatti fayyadamuudhaan lafa gogaa (baldhina) xiqqaa qabu irraa bu’aa guddaa argamsiisu irratti hirmaachuu jechuu dha.
  5. Foorestirii qonnaa (farm forestry) jechuun immoo hojiiwwan bosonaa kan kallattii hundaa lafa qonnaa ykn lafa quubsuumaa (village land) lafa qonnaa (quubsumaa) kan biroo walii wali agarsiisuudhaan (intergrate) bu’aa bosmaa argamsiisuu jechuu dha.

Foorestiiriin qonnaa gosoota armaan gadiitti qoodamu. Isaanis:

  1. Lafa qonnaa kan daldalaa hin taanee (non-commercial farm forestry) kun gosa hojii bosonaa qotee bultoonni faayidaa dhuunfaa tajaajila mana jireenyaa isaaniif mukkeen guddisuu irratti hirmaatan jechuu dha.

II. Foosetirii dhimma daldalaaf oolu (commercial form fosertry) inni kun immoo gosa hojii bosonaa ykn foorestirii kan qotee bultoonni lafa qonnaa isaanii irratti gabaatti gurgurachuuf jedhanii mukkeen kunuunsuudhaan guddisuu irratti hirmaachuu jechuu dha.

  • Qurxummii Qabuu (fishery)

Hojiin qurxummii qabuu hojiiwwan sadarkaa dursaa (primary economic activities) keessaa isa tokko. Baroota qarooma jalqabaa keessa hojiin qurxummii qabuu geggeeffamaa kan ture meeshaalee fi maloota aadaa kan boodatti hafoo ta’aniin ture. Haata’u malee, baroota kana keessa hojiin qurxummii qabuu meeshaalee fi maloota ammayyaatti fayyadamuudhaan qurxummiileen toonii miliyoonaan lakkaa’aman garbawwanii fi galaanota addunyaa irraa qabamaa jiru.

Qurxummii qabuun hojii adamoo keessaa isa tokko. Qurxummii qabuun gochaa qabeenya laggeen, haroota, galaanotaa fi garbawwan irratti bu’uura godhatee dha. Guddinni fi babaldhinni qurxummii qabuu gartokkeen ykn guutummaan guutuutti kan jalqabame argamuu meeshaalee qurxummii qabuuf gargaaraan wajjin ture.

Barattoota! Qurxummiin naannoo keessan jiruu? Hawaasni naannoo keessanii qurxummii sooratu? Yoo nisooratu ta’e maaliin qabu? Gosoota meeshaalee isaan fayyadamanii tarreessuun ibsaa.

Meeshaalee Qurxummiin ittiin qaabaman

  Meeshaaleen qurxummiin ittiin qabaman gosa lamatti qoodamuu nidanda’u. Isaanis:

  1. Meeshaaleen Aadaa

Meeshaaleen kunniin isaan jalqaba qurxummii qabuuf dhalli namaa itti gargaaramaa turan oo ta’aan kanneen armaan gadiiti ofkeessatti hammata:

* Dhagaa qaraa: Dhagaan kun iddoo dhahata bishaanii fi chaanelii olaanaa ta’e keessatti qurxummii qabuuf gargaaraa ture. Dhagoonni wayita dhahanni (tide) bishaanii jiru qurxummiileen gara lafaa (inlet) akka lixan dirqamsiisa. Kunis bishaan humnaan sababa dhahata bishaaniitiin darbatamee dhufu waliin qurxummiileen dhufan dhagoota gidduu iddoo bishaan hin jirre (inlet) keessatti hafu. Yeroo tokko tokko humni dhahata bishaanii laafaa waan ta’uuf gara qurxummiilee dhagaa irraa fi gidduutti hafanitti bishaan gahaan darbatamee waan hin dhufneef qurxummiileen humna ittiin gara bishaan deebi’uu waan hin qabneef salphaatti qabamu.

 * Neettii: Neettiin namoota ogummaa harkaa qabaniin hojjetama. Neettonni jalqaba quncee (heamp) ykn jirbii irraa kan hojjetame ture. Haata’u malee, turtii dheeraa keessa neettonni addaan ciccituudhaan faayidaa ala ta’u.

* Eeboon qurxummii (fishing spear) eeboon kun qurxummii qabuuf sadarkaa nam-tokkootti itti fayyadamuuf kan gargaaruudha.

* Hokkoowwan (hooks) qurxummiin akka ittiin qabamuuf gargaaru immoo wantoota akka mukaa, lafee, gaafaa fi kkf irraa kan hojjetamee dha.

  1. Maloota Ammayyaa qurxummiileen ittiin qabaman

Maloonni ammayyaa malootaa fi tooftaalee aadaa qurxummiileen ittiin kan fooyyessaniidha. Kaayyoon qurxummiilee nyaataaf qabuu tures gara gabaaf (commercial) dhiheessuutti jijjiirameera. Maloonni Ammayyaa qurxummiileen ittiin qabaman kanneen armaan gadiiti.  Isaanis:

* Neettiin driiftii: teekinolojiin neettii hojjettu kun yeroo wajjin guddachaa kan deemedha. Neettiin sinteetikii maashinoota neettii kan duraanii irraa gugguddaa fi ciccimaa ta’an gosoota qurxummii peelaajiik jedhaman qabuuf kan hojjettamee dha. Neettiin kun dooniiwwan xixiqqaa ykn driifteroota kan namoota 9-10tti baataniin bishaan keessatti darbatamuun qurxummiileen ni qabamu. Neettonni kunniin akkuma fageenya meetira xiqqaa bishaan keessatti darbatamuudhaan qurxummiileen akka itti galanii qabamaniif qophaa’anii eegu. Hojiin qurxummii qabuu kan raawwatu yeroo giilonni qurxummiilee uraa ykn qaawwaa neettii keessa galee faanniffamu dha.

* Neettii seeyinii (sciene nets): Teekinooloojii inni kun immoo neettota driiftii wajjin kan walfakkatu dha. Haa ta’u malee neettii inni kun rogi isaa gara dhumaa doonii hojii qurxummii qabuuf hojjetame wajjin walitti hidhama. Neettiin kun qurxummiileedhaan yemmuu guutamu doonichi neettii ofitti harkisuun ykn gototuudhaan qurxummiilee qabaman kana akka waan boorsaa keessa jiranitti iddoo tokkotti walitti hammaara. Neettiin seeyinii naannoo qarqara bishaaniitti (shore) kan gargaaru yemmuu ta’u neettii diriiftii caalaa bu’a qabeessa dha.

* Tiraawuloota (Trawls): Tiraawuliin doonii diriiftii caalaa guddaa kan humna namoota 20 ta’aniin ol ka’uudha. Tiraawuloonni boorsaawwan guguddaa bifa koonii qabanii fi neettii irraa kan hojjetamanii dha.

* Laayinaroota (liners): Yeroo tiraawuloonni dhagoota qaama bishaanii jalatti argamanmanniin miidhaman qurxummiilee heddummina qaban hammaaree qabuuf fayyada.

          Gosoota Qurxummiilee

Qurxummiileen bakka jiraatan irratti hundaa’uudhaan gareewwan gugguddaa lamatti qoodamu.

Isaanis:       

1. Gosa qurxummii Peelaajikii (pelagic/open ocean)

2. Gosa qurxummii Demmersaalii (demersal/groundfish) ti.

  • Gosi qurxummii peelaajikii jedhamu maqaan isaa jecha Giriikii Peelaagoos jedhamu irraa kan madde yemmuu ta’u hiikkaan isaas galaana (sea) jechuu dha. Gosi qurxummii peelaajiik kan jiraatu qarqara fuula galaanaa gara irra keessaatti siqeeti. Qurxummiin peelaajikii baay’ina qurxummiilee addunyaa kana irraa qabaman keessaa 25% qabata. Qurxummiileen gosa peelaajikii jalatti qoodaman kanneen akka: qurxummii maakereelii (mackerel), qurxummii piilchaard (pilchard) ykn sardiinii (Sardine) fi kkf dha.
  • Gosti qurxummii demmersaalii immoo bakka jireenyaatiin faallaa gosa qurxummii peelaadikii ti.

Jechi demmersaalii jedhamu jecha Laatiinii ‘de’jedhu hiikkaan isaa down (jala ykn gadi) fi ‘mere’ immoo hiikkaan isaa “sea” ykn galaana jedhu irraa madde. Kanaafuu, qurxummiilee demmersaalii yeroo jennu gosoota qurxummiilee kanneen jala galaanotaa fi garbaawwanii gadi fageenya guddaa hin qabne (shallow) keessaa kan jiraatan jechuu dha. Qurxummiileen demmersaalii baay’ina qurxummiilee addunyaa irratti qabaman kanneen keessaa 11% qabatu. Gosoota qurxummiilee peelaajiiik caalaa bishaan keessa gadi lixaanii waan jiraataniif akka peelaajikii baayinaan hin qabaman. Qurxummiilee demmersaalii kanneen jedhaman gosoota qurxummiilee armaan gadiitti tarreeffamaniidha. Isaanis: Koodii (Code), Haadook (haddock), Pileeyis sool (plaice sole), Haalibaat (halibut) fi kkf dha.

 Bu’aawwan galaanaa kan biroo (other products of the sea)

Akkuma teekinoloojiin fooyya’aa adeemu dhalli namaas qabeenyaa galaanatti fayyadamuudhaaf carraan isaa baldhachaa fi guddachaa dhufa. Sochiiwwan armaan gadii kanneen hojii qurxummiilee qabuu wajjin walitti firooman ykn walfakkaatanii dha.  Isaanis:

  • bineensa galaanaa weelii ( Whaling) adamsuu
    • bineensa galaanaa siilii (seal) adamsuu
    • qurxummii sheelii qabuu ( shell fish catch)
    • Piirlii ooyisterii (Pearl oysters)

Bineensa weelii (whale) adamsuu– inni kun kan barbaachiseef zayita (oil) fi foon isaaf jedhametti ykn yaadameti. Bineensi kun qawwee haarpooniitiin (harpoon gun) rukutamee galaana keessatti ajjeefama.

Bineensa siilii (seal) adamsuu- Siiliin (seal) kan adamsamu rifeensa fi petii kan teessoo/saddelii mootorsaayikilii hojechuuf barbaadameetii ajjeefama kana qofaa osoo hin ta’iin tirruun isaa dhukkuba shukkaaraa waan fayisuuf ni ajjeefama. Blubberiin siilii zaayitaaf kan barbaadamu yemmuu ta’u foon isa immoo nyaataaf barbaadama.

 Qurxummii sheelii qabuu (Shell fish catch)-Hojiin inni kun immoo bineensota galaanaa gatii qabeessa ta’an kanneen akka: kirabii (crabs), loobsterii (lobsters), Shiriimpotaa (shrimps) fi kkf adamsuudhaaf.

Pirilii (pearl) barbaaduu-Piirliin jala galaanotaatii kan funaanamu yoo ta’u faayaa (jewelry) adda addaa irraa hojjechuuf, qulfii (button) hojjechuu fi saanduqoota faayessuudhaaf barbaadama.

  • Albuuda Baasuu (Mining)

Haallan albuuda baasuuf barbaachisan ykn immo hojii albuuda baasuu keessatti fedhii fi miira kaampaanoota albuudaa guutanii fi kakaasan kanneen armaan gadii ti. Isaanis:

  • guddina (Size) albuudichaa
  • qulqullina (grade) albuudichaa
  • gadi fageenya ooriin (ore depth) itti  argamu
  •   Albuuddan oorii guutumaan guutuutti adeemsa keessa waan hin gallee fi xuraa’onni oorota irraa bakka albuudinni ba’utti qulqullaa’anii waan hin badineef wajjumaan gara naannolee industiriin jirutti ni geejjibamu.
  •  Ooronni ulfatina gugguddaa fi mala geejjiba ammayyaa kanneen akka taankerii doonii kaargoo hedduu (bulk) ta’eti fayyadamuu dhaan bakka isaanii irraa gara warshaaleetti socho’u.
  • Oorii (ore) jechuun walmakaa albuuddan sibiilotaa kanneen akka warqee, meetii, kopperii fi ayiranii of keessaa qabu jechuu dha.

Maloota ittiin albuuda baasan

Kuufamni albuuddan tokko tokkoo jala fuula lafaatti yemmuu argaman kanneen biroo immoo faana miillaa jalatti argamau. Kuufamni albuudaa tokko tokko ooriidhaan kan badhaadhan yemmuu ta’u kanneen biroo immoo oorii hin qaban. Hammi kuufama albuuddanii maloota ittiin albuu dabaasan irratti dhibbaa ni geessisa. Malootni albuuddan lafa keessaa ittiin baahan hangafoonni kanneen armaan gadiiti.  Isaanis:

  • albuuda fuula lafaa/ irra lafaati bahuu (open pit or open cost mining)
  • albuuda lafa keessaa bahu (Shaft or underground smining)
  • albuuda hededa laggeenii irraa bahuu (adit or drift mining)
  • Albuuda fuula lafaa irraa (open pit) baasuu keessatti oorii fi albuuddan kuufama guddaadhaan irra lafaa fi irra lafaatti dhihaatanii argamu. Mala kanaan fayyadamuun baayyee qaama albuuddanii irraa baasuu fi albuuddan irra caalaatti akka muldhatan (to expose) taasisa.
  • Malli shaaftii jedhamu immoo gosoota albuudaa kanneen fageenya Km hedduu lafa keessatti owwaalamanii jiran baasuuf gargaara. Mala kanaan taaneelii qotuudhaan albuuda hedduun ykn oorii baayee guddaa ta’e yemmuu argamu taaneelicha baldhisiisuudhaan baasuu dha.
  • Mala adiitii ykn driiftiin albuuda baasuun immoo kan danda’amu naannoowwan hededa laggeenii (Valley Sides) irratti kuufamni albuudaa yemmuu argamu dha. Malli kun adiitii dalgaa (horizontal adit)n albuuda baasuu jedhama.

   Albuuda baasuudhaaf haallan guutamuu qaban/preconditions

Albuuda baasuun hojii baayyee gatii guddaa kan gaafatuu fi baayyee dadhabsiisaa dha. Kanaafuu pirojektii hojii albuuda baasuu osoo jalqabin dura qorannoo baldhaa ta’e qabeenyaa albuudaa irratti adeemsifamuu qaba. Haallan hojii albuuda baasuu to’atan armaan gadiitti tarreeffamaniiru. Isaanis:

i. Baayina ykn guddina kuufama albuudaa

Baayina ykn guddinaan argamuun kuufama albuudaa naannoo irraa gara naannootti addaa addummaa qaba. Addunyaa irratti yeroo ammaa bakkeewwan kuufama albuudaa qabaachuudhaan beekaman kanneen armaan gadii ti. Isaanis:

  • Gaasii uumamaa heddummataa osoo hin tuqamiin jiruu fi albuuda biroo jala galaana kaabaa,
  • Zayiita kuufama guddaa kaaba-dhiha Afriikaa fi kkf.

ii. Qulqullina (gireedii) albuudaa

Qulqullina albuudaa jechuun qabiyyeewwan albuudaa dhagaa keessatti argamanii jechuu dha. Qabiyyee albuuddan of keessaa qaban bu’uura godhachuudhaan qulqullinni oorii karaa lamaan ibsamuu danda’a: Oorii qulqullina guddaa (high grade) fi oorii qulqullina xiqqaa (low grade)

Fkn: 1. Oorii Ayiranii- ooriin kun qulqullina garagaraa qaba. Oorii kana keessatti albuuddan akka Maagineetaayitii ulfina sibiilaatiin 72% caalaatu ayiranii keessatti argama; Heemaatayitii 60-70% ulfaatina sibiilaatiin ayiranii keessatti argama.

2. Oorii Koopparii- Koppariin lafa keessaa bahu callaa (yeild) kopperii qulqulluu irra 1-30%    ulfaatina qaba. Kana irra kan caale geejjibuun baayyee rakkisaa dha.

iii. Akkaataa albuuddan itti Kuufaman

Haallan albuuda baasuu ykn fedhiin albuuda baasuu kaampaanota karaalee armaan gadiitiin ibsamuu danda’a. Isaanis:

  • Gadifageenya (depth) albuuddan itti uumaman furdina veeyinii albuuddanii
  • Jiraachuu fi dhabamuu babbaqaqiinsa lafaa
  • Hamma bishaanii bakka albuuddan bahanitti yaa’uu.
  • Hamma ho’aa (tempireechara) dagalee kanatti muldhatu fi kkf.

iv. Sadarkaa guddina Teekinolojii

Hammuma teekinoloojiin guddataa deemu hammi albuuddan bahaniis baay’achaa deema. Teekinolojiiwwan haaraa uumaman wajjin meeshaaleen aadaa duraanii hojjechuu waan hin dandeenyeef haara’aa adeemuun dirqama ta’a.

  V. Humna namaa

Dhiheessiin humna namaa argamu hojii albuuda baasuu irratti karaa lamaan armaan gadiitiin dhiibbaa geessisa. Isaanis:

  • Baayina humna namaa (laborer) argamu
  • Qulqullina humna namaa (expertise) argamu

Baayina humna namaa yemmuu jedhamu humna namaa lakkoofsa guddaa ykn baayina hojjettoota guyyaa bakka albuudni bahutti barbaachisu jechuu dha. Bakkeewwan albuudni bahutti yeroo baay’ee lakkoofsi hojjetoota hamma barbaadameen hin argamu. Dhabamuun hojjetootaa immoo hojiin karoorfame yeroo yaadametti akka hin hojjetamneef danqaa uuma. Rakkoo kana hir’isuuf immoo abbootiin kaampanii albuuddanii bakkeewwan hojiitti mandara quubsumaa adda ata’e hojjetootaaf hojjetanii hojjetoota bakka hojichaatti biyya keessaa fi biyyoota alaa irraa hawwachuu qabu.

Qulqullina hojjetoota yemmuu jedhamu immoo hojiin albuuda baasuu bakka tokko tokkotti hojjetoota leenjii ogummaa qaban qofaan kan raawwatu jira. Kanaafuu hojjetoota ogummaa qaban leenjisuu dha. Rakkoo kana maqsuuf hojjetoota kallatti hojii kanaan leenjii ogummaa qaban  biyyoota alaa irraa galchuun barbaachisaa fi faayidaa qabeessa dha.

Qillensi baramaan hojii albuudaa irratti akkamiin dhiibbaa geessisa? Fakkeenya qabatama naannoo/biyya keessaniitiin walqabsiisuun ibsaa

vi. Qilleensa Baramaa

Yeroo tokko tokko haalli qileensa baramaa bakki albuudni bahuu kaampaanota albuudaatiin xiyyeffannaan itti kennamuu qaba. Naannolee dagalee guddaa kan qorra hamaa qabanii fi naannolee dagalee xiqqaa kanneen ho’a guddaa qaban irratti qorannoon yeroo yerootti godhamuu qaba. Naannolee dagalee xiqqaa keessumaayyuu bakkeewwan qilleensa baramaa tirooppikii keessatti tibba caamaa hir’inni bishaanii waan muldhatuuf hojii albuudaa irratti rakkoo uuma. Naannolee dagalee guddaa keessatti tibba bonaa yeroo geejjibni bishaan irraa oorii fe’uudhaaf mijaawaa hin taanetti hojiin albuuda baasuu gonkumaa kan yaadamu miti. Sababa kanaaf tibboonni albuuddan baafaman fe’uu guyyoota waggaa keessatti guyyoota 240 qofaatu jira.

vii. Kaappitaala.

Hojiin albuuda baasuu haala gaariidhaan fiixaan akka bahuuf kaappitaalli guddaan barbaachisaa dha. Hojii kanaaf kaappitaalli gahaan biyya keessa yoo dhabame, madda biyya alaa irraa barbaadamuu qaba.

  • Sochii Diinagdee Lammaffaa (Secondary Economic Activity)

Sadarkaan diinagdee kun hojiiwwan akka qopheessuu, tolchuu/oomishuu fi jijjiiruu kan of keessaa qabu yommuu ta’u, waliigalatti meeshaalee dheedhii bifa namni itti fayyadamuu danda’utti jijjiiruu jechuudha. Fkn.

  • Oorii ayiranii gara qorqorrootti (sheet steel) jijjiirame
  • Hojiiwwan sibiilaa
  • Hojiiwwan xaaqaalee adda addaa (textile)
  • Hojiiwwan  sigaaraa baala tamboo irraa hojjechuu
  • Hojiiwwan qamadii gara daakuutti jijjiiruu.

Isaan kun hundi isaanii oomisha sadarkaa 2ffaa (secondary production) jedhamu.  Sochiiwwan dinagdee bifa akkasiitiin meeshaalee oomisha dheedhii (sadarkaa 1ffaa) gara oomisha bilchaataatti (sadarkaa 2ffaatti) jijjiiruun sochiiwwan warsheessuu (manufacturing) jedhamuunis ni beekkama. Sadarkaa teeknolojii fi ammayyummaa irratti hundaa’uun warshaawwan iddoo lamatti qoodamu. Isaanis warshaa godoo (cottage industries) fi warshaa ammayyaa (modern industries)ti.

Gocha Barataa:

  1. Industrii jechuun maal jechuudha? Gosoota industirii tarreessaa? Ulaagaaleen isin ittiin qooddan maal?
  2. Gaheen industriin diinagdee Itoophiyaa keessatti qabu, Ciminaa fi hanqinoota isaanii, yaadiddama argama industiriitiin walqabatee jiruu fi qabatama warshaalee biyya keenyaa akkasumas sababoota warshaaleen godoo biyya keenyaa gummachi isaanii guddina industrii ammayyatii godhan xiqqaa ta’eef wajjira dhimmi ilaalu deemuun ogeessa gaafachuun odeeffanno argatte dareef gabaasi
  3. Faayidaalee fi miidhaawwan industiriin qabu bal’inaan ibsi
  • Wantoota argama warshaa/industirii to’atan

Warshaa tokko iddoo barbaadne hundeessuu hin dandeenyuu? Maaliif? Mee dhimma kanarratti ogeessota waajjira industirii aanaa/godinaa fi barsiisota xin-diinagdee (economics) mana baruumsaa Qophaa’ina naannoo keessanitti argamu gaafachuudhaan dareef gabaasi.

Warshaan tokko bakka mija’aa tokkootti dhaabbachuuf haala dureewwan muraasa ni barbaachisa. Argamni warshaa inni baay’ee gaariin bakka baasii geejjibaa xiqqoo qabutti isa dhaabbateedha.

Wantootni argamni warshaa murteessan gurguddoon: argama mi’a dheedhii, Ineerjii (annisaa), bishaan, lafa diriiraa, humna nama hojii humnaa hojjetu, gabaa, bulchiinsaa, kaappitaalaa fi geejjibaa-walqunnamtii waliin qabnuuti.

Warshaalee muraasaaf mi’a dheedhiitti dhihaachuun dirqama. Dhugaa kana irratti hundaa’uun, warshaaleen mi’a dheedhii, humna/anniisaa fi gabaa irratti kan xiyyeefatanii ta’u danda’u. Carraa warshaan bakka kamittuu dhaabbachuu danda’u ni jira. Keessattu yeroo humni nama hojii hojjeetuufi kaappitaalli socho’u danda’utti.

Wantoota argama warshaalee irratti dhiibbaa geessisan ijoon kanneen armaan gadiiti:

a. Mi’oota dheedhii (The raw materials)

Argama mi’a dheedhii fi argama warshaa gidduu hariiroon ifa ta’ee addaan bahee tokko illee hin jiru. Warshaaleen tokko tokko argama mi’oota dheedhiin ni murtaa’u. 

  • Warshaaleen naannoo mi’a dheedhiin oomishamutti kan dhaabbataniif:
  • ulfaatinni guddaan mi’ota dheedhii qaban
  • gatii xiqqaa qabaachuu mi’oota dheedhii fi mi’oota oomishamanii xumuramanii (the finished product)
  • baasiin hojii humna  xiqqaachuu
  • Fakkeenyonni warshaalee mi’a dheedhii irratti xiyyeeffatanii:  *warshaa simintoo 

 * Warshaa xuubii     * Warshaa sibiilaa sadarkaa gad aanaa      * Warshaa sukkaaraa

   Warshaaleen maaliif mi’a dheedhiiti dhiyaatanii dhaabbatu?

Warshaaleen tokko tokko mi’a dheedhiitti dhiyaatanii dhaabbataniif sababootni muraasni qulqullina mi’a dheedhiin wal qabatan kan akka:

  • hir’achuu ulfaatinaa mi’a dheedhii (lose of weight) fkn –shankoora shukkaraa,
  •  amala dafee baduu mi’a dheedhii (perishability) fkn- aanan, fuduraa fi muduraa
  • gatii gad-aanaa yuunitii mi’oota dheedhii (low unit value of raw materials) fkn- Ooriin koopparii qotamee danuu keessaa koopparii qulquluun keessa bahu % 1 – 3 qofa dha.

b. Humna ibsaatti dhiyaachuu (proximate to power)

Warshaaleen tokko`tokkoo adeemsaa fi oomisha mi’otaaf humna elektirikii olaanaa fayyadamuu isaan gaafata. Kanaafuu warshaaleen humna ibsaa guddaa barbaadan naannoo (ollaa) humni elektiriikii rakasa (cheap) jirutti ykn ollaa madda ibsaatti dhaabbachuu qaba. Warshaaleen elektiroonikii fi injineriingii sasalphoon fageenya murtaa’aa madda ibsaa irra jiru keessatti fagaatanii dhaabbachuu ni danda’u.

  • Fakkeenyi warshaaleen humna ibsaa olaanaa fayyadamuun beekamanii fi naannoo madda humna ibsaatti dhiyaatanii argamanii:
  • warshaa aluuminiyeemi
  •  warshaa paalpii fi waraqataa
  • warshaa elektiroo-sibiilaa gurguddoo fi
  • Warshaa elektiroo-keemikaalaati.
  • Yoo kattaan boba’uu warshaa sibiilatatiif madda humnaa ta’ee, argamani warshaa kanaa dirree kattaa boba’uutti dhiyaachuu qaba.

c. Dhiyeessa bishaanii fi Lafa diriiraa (water supply and flat land)

Warshaan adeemsa oomishaatiif bishaan ga’aa ta’ee isa barbaachisa. Bishaan baay’een waan warshaaf barbaachisuuf bishaanichi warshichaaf rakasa ta’uu qaba.    

  • Warshaaleen adeemsa oomishuu keessatti bishaan baay’ee barbaadan kanneen akka:
  • warshaa paalpii fi waraqataa,
  • warshaa injineeriingii salphaa,
  •  warshaa sibiilaa,
  • warshaa nyaata dhangala’aa (biraa, lallafaa fi kkf) fi
  •  Warshaa keemikaalaa.
  • Saayitiin (iddoon) warshaa itti dhaabbatu haala beekamaan diriiraa fi geejjiba gahaan kan tajaajilamu ta’u qaba. Saayitii gaariin naannoo dagaage keessatti argamu fedhii warshaa haaraa ni guuta. Innis tajaajila hawaasummaa kanneen armaan gadii bakka argaman keessatti waan argamuufidha. Isaanis:

   * gaazii                                 *  mana nyaata                  *   mana jireenyaa   

         * elektiriikii,                          *  mana barumsaa              *  ijaarsa adda addaa ti.

        * daandii  konkolaataa             * daandii baaburaa                                

d. Humna Nama baratee (skilled labour force)

Humni namaa jiraachuun wantoota warshaalee dhaabuun dura ilaalamuu qabanii dha. Yeroo ammayyaa kana humni namaa haala addaan kan socho’u fi humni nama hin barannee haala baay’ee muraasa ta’een bakka adda ta’e tokkootti qabeenyaa horachuun ykn hidhaa hawaasummaa cimaan/strong social bond/ kan hidhamaniidha.

Dagaagina warshaalee armaan gadiitti eeramaniif, jiraachuun humna nama baay’ee barbaachisaa dha. Isaanis:

  • Warshaa albuudaa aluminiiyeemii qotuu (baasuu)
  • Warshaalee ammayyaa kanneen walitti hidhuu fi cuqqaaluu mi’ootaa gaafatan warra magaalaa keessatti argamnii dha.

e. Geejjiba fi qunnamtii Gaariitti Dhiyaachuu

Warshaan ammayyaa sirna wal-qunnamtii gaarii barbaada. Ga’een teeknooloojii haaraa kanneen akka telefoonaa, raadyoo, satalayitoota fi kannen biro baay’ee faayida qabeessadha.

  • Warshaan tokko akaakuu qulqullina geejjibaa irratti hundaa’a. warshaan baay’eef kan barbaachisan
  • Daandii konkolaataa ykn baaburaa
  • Buufata xiyyaaraa (meeshaalee dheedhii fi mi’oota oomishaman duraa duuba gara keessatti galuu fi gara alatti erguuf)

f. Gabaatti Dhihaachuu

Argamni warshaa argama meeshaalee dheedhii fi humna ibsaa caalaa gabaa guddaatti dhihaata. Warshaaleen kan gabaatti dhihaatanii dhaabbaatan yoo:

  • Oomishni oomishamu baay’ee ulfaataa ta’e fkn sibiila (maashinoota)
  • Warshaalee biroo waliin qunnamtii qaba ta’e fkn konkolaataa
  • Oomishni kan dafee badu ykn manca’u ta’e  fkn keekii
  • Gabaan baay’ee guddaa ta’e fkn Kaaba Baha Gamtaa Mootummaa Ameerikaa (USA)
  • Gabaan bal’aa ta’an 
  • Warshaaleen tokko tokko sababoota baay’eef gabaa irratti xiyyeeffatu fakkeenyi isaanii kanneen akka warshaa Huccuu, warshaa orii sibiila isa duraa/jalqabaa  fi warshaa nyaataa

g. Sochiilee mootummaa (Bulchiinsaa)

Mootummaan hundeeffama warshaalee irratti gahee guddaa qaba. kunis gargaarsa kallattii fi gibiraan ta’uu danda’a.

  • Mootummaan jajjabina kallattii warshaaleef kenna. Bifootni gargaarsa isaa kan biroon:
  • gibira yeroo (baroota) murtaa’eef hanbisuu
  • maashiinootaa fi mi’oota ijaarsaa qaraxa irraa walaba gochuun akka gara biyyaa galu gochuu
  • gibira galii warshaan dhaabbamee hanga waggaa kudhaniitti hanbisuu
  • gibiraa tarni-ovaarii (turn over tax) meeshaalee maashinii haaraa gad-xiqqeessu.
  • gibira naannoo hanbisuu ykn gad xiqqeessuu

h. Hoggansaa fi Kaappitaala

Bulchiinsaa fi kaappitaalli wantoota argama warshaa murteessaan keessaa isaan tokkoo dha.

Amaloota (xaabiyoonni) bulchiinsa naannoo warshaaleen guddatanii maal fa’i?

               Kaappitaalli socho’aa dha moo miti?

  • Kaappitaalli bifa qarshiin jiru socho’aa dha. Warshaan guddaan socho’aa miti

       2.2.2.2. Akaakuu (Gosoota) warshaa

 Warshaan adeemsa jijjiiruu fi dabaluu mi’aa, halluu, bocaa fi gatii mi’a dheedhii sochii dinaagdee dursaa fi kan birooti. Warshaan mi’oota tolchuu dha. Sochii dinagdee 2ffaa dhala namaati.

Warsheessuu/manafakcheriingii jechuun ammo tooftaa makaanikaalaatiin ykn keemikaalaatiin meeshaa dheedhii gara oomishaatti geeddaruu dha.

   Dameen warshaalee maal fa’i?

Sadarkaa guddina (dagaagina) isaanii irratti hundaa’uun warshaaleen iddoo 2tti qoodama.  Isaanis:  a. Warshaa godoo (Cottage industry) fi

  1. Warshaa ammayyaa (modern industry) ti.

a. Warshaa Godoo/aadaa (Cottage industry)

  •  Warshaan godoo yeroo baay’ee humna nama muraasaa (nama 50 gadi) ta’een naannoo manaatti kan mi’a oomishuu dha.
  •  Mi’oonni manatti oomishaman kun ogummaa nammota dhuunfaatiin kan oomishamanii fi hojiilee harkaa armaan gadii of keessatti kan hammatee dha. Isaanis

* sibiila tumuu      *  huccuu dhahuu    *  hojii mukaa     *  hojii gogaa duuguu fi kkf.

b. Warshaa Ammayyaa

Warshaan dhimma oomisha isaanii irratti hundaa’anii sadarkaa (gulaantaa) 3tti qodamu.  Isaanis:           * warshaalee dursaa (primary industries) 

* Warshaalee sadarkaa 2ffaa (secondary industries) fi

* Warshaalee sadarkaa 3ffaa (tertiary industries) dha

i. Warshaalee sadarkaa dursaa (primary Industries)

– Warshaaleen sadarkaa dursaa kun qabeenyaa uumamaa waliin hariiroo kallaattii qabu

   Faayidaan warshaa dursaa maal?

  • Warshaan dursaa mi’a dheedhii lafa, bishaan fi qilleensa keessaa kan baasuu dha.
  • Baay’een warshaalee kanaa meeshaalee dheedhii baasuu fi qopheessuu keessatti qooda fudhatu. Kana irraa ka’uun warshaaleen dursaa jedhamu.
  • Warshaalee mi’a dheedhii barbaaduun baasanii fi warshaalee qopheessan jedhamu. warshaaleen dursaa sochiilee dinagdee kanneen akka:
  •  Xaawulaa baasuu, warshaa daakuu, qurxummii qabuu fi dhagaa baasuu fi huccuu omishuu fi kkf of-keessatti qabata.

ii. Warshaa Sadarkaa Lammaffaa

Warshaaleen sadarkaa 2ffaa warshaalee wantoota uuman ykn hojjetanii dha. Meeshaalee (mi’oota) uumuun hojjechuun ykn qopheessuun kan raawwatu mi’oota warshaa sadarkaa dursaa keessatti oomishaman deebisanii maashinoota ammayyaa fi humna nama baratee fayyadamuun warshaa keessa galchaniiti. Kana jechuun akka warshaa dursaa osoo hin ta’in oomosha warshaa duraa akka mi’a dheedhiitti gargaarama.

             Faayidaaleen warshaa uumuu (manufacturing) sadarkaa 2ffaa maal fa’i?

Warri armaan gaditti tarreeffaman fakkeenya mi’oota warshaa uumuu sadarkaa 2ffaa uumamaniiti.

  • Konkolaattota, xiyyaaroota, Injiinoota (mootora konkolaataa) fi Sa’atootaa fi kan biroo.

Fakkii. 2.3 Cuunfaa Caasaa Warshaa Ammayyaa

  1. Warshaa Ulfaataa (Gurgudda) fi Salphaa

Warshaan ammayyaa garee salphaa fi ulfaattaatti qoodamuu danda’u.

Fakeenya Warshaa Salphaa Warshaa HuccuuWarshaa nyaata qopheessuWarshaa mi’oota mana keessaa qopheessuFakkeenya warshaa ulfaataa Warshaa sibiilaaWarshaa ijaarsa dooniiWarshaa ijaarsa daandii baaburaaWarshaa xiyyaaraaWarshaa konkolaataa

   Warshaa salphaa fi warshaa ulfaataa maaltu adda godha?

Warshaalee ulfaatoon kaappitaala baay’ee, meeshaalee dheedhii baay’ee fi humna nama baay’ee barbaadu.

Warshaalee ulfaatoon meeshaalee ulfaatoon ykn gurguddoo oomishuuf mi’a dheedhi ulfaatoo fi baay’ee (gurguddoo)tti fayyadama.

Warshaalee sasalphoon mi’oota dheedhii xixiqqoo fi sasalphoo kan barbaadaniif mi’oonni isaan omishanii baasaniis sasalphoo fi xixiqqoo dha.

  •  Sochii Diinagdee sadaffaa (Tertiary Economic Activity)  

Sochiin diinagdee kun immoo akkuma maqaan isaa agarsiisu oomisha dinagdee keessatti sadarkaa isa 3ffaa dha. Sadarkaan kun malootaa fi tooftaalee midhaan nyaataa, meeshaalee dheedhii fi meeshaaleen warsheeffaman (manufactured goods) oomishtoota (producers) irraa gara fayyadamtoota (consumers) gahan jechuudha. Sochiiwwan dinagdee oomisha sadarkaa sadaffaa keessaatti hammataman kanneen armaan gadiiti. Isaanis:

  • Sirna geejjibaatti fayyadamuu
  • teekiniikotaa fi maloota meeshalee quunamtii
  • tajaajiloota daldaaltootaa
  • faddaalumma (broker)
  • hojiiwwan baankii fi inshuraansii
  • dhimmoota faayinaansii
  • tajaajiloota gara garaa kanneen akka hoteelaa, tuurizimii, kkf

Sochiiwwan hojii sadarkaa sadaffaa (tertiary activities) kennaa tajaajilaa (Service sectors) illee jedhamuunis ni beekkamu. Kanaafuu faca’iinsa (raabsaa) yeroo jennu akkaataa fi tooftaalee oomishi oomishame fayyaadamtoota bira ga’u ykn qaqqabu yemmuu ta’u oomishi sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa immoo walduraa duubaan meeshaalee dheedhii naannoo uumamaa irraa argachuu fi meeshaalee dheedhii argaman gara warshaalee adda addaatti galchuudhaan gara itti fayyadamtootaaf gara tolu ykn mijatutti jijjiiruu jechuu dha.

  1. Daldala

Biyyoota addnuyaa keessaa biyyi akaakuu oomishaa hundumaan of-geessuu taate hin jirtu. Sababni kanaas qabeenyi uumamaa addunyaa (lafaa) irratti bifa wal-fakkeenya qabuun kan faca’ee jiru waan hin taaneefii dha. Daldalli, inni bituu fi gurguruun mi’ootaa namoota lama dhaabbata ykn biyyoota lama gidduutti geggeeffamu rakkoo hanqina oomishaa bakki murtaa’a ta’e addunyaa irratti qabu furuu keessatti gahee olaanaa taphata.

Dhalli namaa yoom daldala yeroo duraaf akka jalqabe sirriitti yoo hin beekamne iyyuu, ragaaleen muraasni akka agarsiisanitti daldalli hoo’aan Misir durii fi Meesooppootaamaiyaa gidduutti jaarraa 5ffaa Dh.K.D eegale.

                    Daldalli akkamiin jalqabe?

Yeroo durii uummanii wantoota naannoo isaaniitti argaman irraa fayyadamaa turan. Garuu wal-jijjiiraa salphaan (simple exchange or bartering) namoota duriitiin jalqabe. Fknf uummanni bara dhagaa (stone age) keessa jiraachaa turan, meeshaalee waranaa dhagaa irraa tolfalman waljijjiiruun itti fayyadamaa turan.

                     Wal-jijjiirraan meeshaalee (bartering) maal?

“Bartering” jechuun oomisha ogummaa tokkoo oomisha ogummaa birootiin wal-jijjiiruu dha.

Yeroo uummanni muraasni wiirtuuwwan qaroominaa durii kanneen akka Sumaariiyaanii, Misirii fi sulula Indas (Hindii) keessatti dagaagan qoodamni hojii eegaleera. Suuta suutaan hojiin suphee dhahuu, sibiila tumuu fi hojiin mukaa dhalateera. Haala kanaan, midhaan nyaataa guddisuu (oomishuu) biratti waa hojjechuunis guddachuu jalqabe. Haaluma kanaan uummanni wanta nyaatamu mi’oota kanan jijjiiruu eegalan. Akkuma uummanni jalqabaa kun aadaa fi qaroominaan foyya’aa deeman fedhiin isaaniis baay’inaa fi qulqullinaan dabaleera. Haalli kun ammoo ummanni fageenya dheeraa akka deemaniif dirqisiiseera. Karaalee kanaa fi kan biroon babalachuu eegale.

  • Dhalachuun qoodama hojii fi foyya’iinsi aadaa fi sadarkaan jireenya uummataa daldalaaf dhagaa bu’uuraa buuseera.

 Bu’uuraalee Daldalaa

Jalqabamuun daldalaa wantoota armaan gadiitiin saffisiisame.  Isaanis:

  • Oomishin gargar ta’u (garaagarummaa oomishaa),
  • Oomisha irraa-hafaan jiraachuu, Fedhiin jiraachuu (mi’ootaaf),
  • Garaagarummaa aadaa,
  • Geejjiba mijaa’an jiraachuu,
  • Tasgabaa’ina haala addunyaa (waliigaltee)         
  1. Garaagarummaa oomishaa – Sababa garaagarummaa qilleensa baramaa, biyyee, biqilootaa, teessuma lafaa fi kkf naannoolee irratti garaagarummaan oomishaa ni jira. Garaagarummaan oomishaa naannoolee gidduu jiraachuun kunis daldalaaf daandii saaqe.
  2. Oomisha irraa hafaa – oomishni irraa hafaan ykn garmalee baay’ee ta’ee bakki tokko jiru, bakka biraatii dhibuunis daldalaaf haala mijeessa.
  3. Fedhiin mi’oota jiraachuu – Yeroo hawaasa hanqinni meeshaa mudatu, kaka’umsi wal-jijjiiruun ni jira.
  4. Garaagarummaa aadaa – naannoon tokko guddina teeknooloojii fi industirii boodatti hafaa yeroo ta’u, naannoo biroon ammo guddina teeknooloojii fi industirii kan   agarsiisee dha. Biyyoonni dinagdeedhaan boodatti hafoo ta’an oomisha mi’a dheedhii kan oomishan yommuu ta’an kanneen dinagdeedhaan guddatan (fooyya’an) ammoo oomisha mi’oota warshaa oomishu. Haalli kun immoo oomisha mi’a dheedhii fi oomishni mi’oota warshaa akka wal-jijjiiraniif daandii saaqa.
  5. Geejjiba mijaa’an jiraachuu – inni kunis wantoota daldalaaf barbaachisan keessaa tokko dha. Sababiin isaa sochiin mi’ootaa bakka bakkatti raawwachuu kan danda’u yoo geejjibi mijaa’an jiraate qofaadha.
  6. Tasgabaai’na haala addunyaa – Nageenyi wanta dagaagina daldalaaf bu’uura ta’e yommuu ta’u lolli ykn wal-dhabdeen guutummaa guututti daldala addunyaaleessaas ta’e biyyooleesaa ni jeeqa.

Daldallii fi geejjibni hariiroo qabuu? Akkamitti? Gareen marii’adhaa calaqqee dhiyeessaa.

Madaalliin daldala biyyaa keenyaa mijataadha mo miti mijataadha jettee yaadda? Maaliif?

     Gosoota Daldalaa

Daldalli biyya kamiiyyuu iddoo gurguddaa lamatti qoodama. Isaanis:

  1. Daldala biyya keessaa                   b. Daldala biyya alaati.
  2. Daldala biyyaa Keessaa – Bittaa fi gurgurtaa hawaasa biyyaattii keessa gidduutti kan raawwatuu dha. Qabiyyeen isaa garuu biyyaa biyaatti gargar ta’uu ni danda’a. Qabiyyeen daldala biyya keessaa wanneen armaan gadii irratti hundaa’a.  Isaanis: Qabeenya uumamaa (baayi’ina gosaan), Baayina uummataa, Sadarkaa jireenya uummataa fi Dagaagina geejjibaa fi meeshaa wal-quunnamtii garagaraa
  • Daldala Biyya Alaa– gosi daldalaa kun mi’a biyya tokkoo kan biyya birootiin waljijjiiruu ti. Kunis alaa keessatti galchuu fi keessaa alatti baasuu of-keessatti hammata. Daldalli alaa keessatti galchuu mi’oota biyya alaatii bituun biyya keessa galchuu yommuu ta’u keessaa alatti baasuun ammoo mi’a biyya keessatti oomishamu biyya alaatti erguun gurguruu dha.

Biyyooni guddatan mi’a dinagdee dursaa keessatti galchuun mi’a warshaa alatti ergu. Kan biyyoota guddachaa jiranii garuu faallaa kanaati.

       Madaala Daldalaa (Trade Balance)

Yeroo har’aa daldala alaa keessatti galuu fi daldala keessaa ala bahu daldala mul’ataa fi daldala dhokataa jechuun qooduun waan baramaa ta’ee jira.

  1. Daldala mul’atu – inni kun mi’oota warshaa keessaa bahan, mi’oota dheedhii fi garee nyaataa alatti eragamanii fi alaa galan of-keessatti haammata.
  2. Daldala dhokataa – tajaajiloota of-keessatti qabata. Isaanis: galii doonii irraa galuu, galii buufata xiyyaaraa (kiraa), baankii fi inshuuraansii , tuuriistoota, bu’aa liqa biyya alaa irraa

Biyyi tokko nama dhuunfaa tokko wajjin garaagarummaa hin qabdu. Namni dhuunfaa galii isaa keessa jiraachuu qaba. Jecha biraatiin baasiin isaa gonkumaa galii isaa caaluu hin qabu. Yoo akkas ta’e namni sun kisaara keessa seena. Haaluma wal-fakkaatuun, biyyis hanguma baastu galchuu qabdi. Kanaa achi, kufaatii biyyooleessaatu dhufa. Yoo hanga baasii ta’u caalaa galiin jiraate, madaala daldalaa mija’aatu jiraata. Yoo kan ba’u isa galu caale madaala daldalaa keessaa bahuun rakkisaa ta’etu uumama.

  • Madaala daldalaa mija’aa (Positive trade balanace): Gatiin daldala alaatti ergamuu kan isa keessa seenuu yoo caalee argamee dha.
  • Madaala daldalaa mija’aa hin taane (negatiive trade balanace): gatiin daldala keessa galu kan isa alaatti ergamuu yoo caalee dha.

Garee waliin Daldalanii fi daldaluu Daangeessuu

Biyyoonni yeroo baay’ee daangeessuu daldala alaa galuu daangeessuu (danqaruu) karaa adda addaa sadiin hojiirra oolchu. Isaanis:

  1. Gibira ol-kaasuun– biyyoonni mi’oota iddoo biraa irraa gara biyya keessati galan irratti gibira dabaluun (ol-kaasuun) akka isaan mi’oota biyya keessatti oomishaman caalaa qaalaqan gochuun dangeessu.
    1. Kootaa murteessuun– hanga mi’oota alaa galan murteessuuf jecha biyyoonni cimsanii hanga mi’aa biyya isaanii keessatti bitamu daangeessu.
    1. Hayyama gaafachuun– mi’oota alaa galan daangeessuuf jecha mootummoonni kaampaanoonni alaa jalqaba hayyama akka dhiheessan dirqisiisu.

Daldala daangeessuun baay’ee cimnaan raawwachaa kan ture giddu lola addunyaa lamaaniitti. Ta’us waraana addunyaa II booda baay’ee gad-dhiifamee jira. Ergasii as, gareen waliin daldalan gurguddoo seera qaraxaa filatamaa hojiirraa oolchuun daldala addunyaa dhuunfataniiru.

  • Gareen olaanoon (gurguddoon) addunyaa waliin daldalan:
    • Komiiniitii Dinagdee Awurooppaa (EEC)
    • Waldaa Daldala Bilisaa Awurooppaa (EFTA)
    • Waldaa Daldala Bilisaa Laatiin Ameerikaa (LAFTA)
    • Gabaa Waliinii Ameerikaa Giddu Galeessaa (CACM)
    • Dhaabbata Wal-Gargaarsa Dinagdee fi Dagaaginaa (OECD)
  1.  Geejjibaa fi wal-quunnamtii (transport & communication)

Industirii fi daldalli geejjibaa fi quunnamtii irratti hundaa’u. Bakkaa bakkatti baatamuu fi socho’uun namootaa fi mi’ootaa sochii dinagdee addunyaa keessaa isa tokkodha. Kutaan kun ammoo bifoota geejjibaa fi qunnamtii yeroo ammoo addunyaa irratti gargaaramanii fi gahee isaan dagaagina dingdee biyyootaa keessatti taphatan ilaalla.

  1. Geejjiba

Geejjiba jechuun sochii mi’oota ykn namootaa bakka tokkoo gara bakka birootti ta’u yammuu ta’u quunnamtiin ammoo odeeffannoo tuqaalee lama fi oli gidduutti darbuu ykn yaa’uu dha.

Dagaaginni geejjiba mija’aa ammayyaa ta’e (event) yeroo dhihooti. Fooyya’inni isaa waraaqsa industirii jaarraa 18ffaa waliin hidhata cimaa kan qabuudha.

Waraaqsa industiriin asitti dagaaginni baay’een bu’a qabeessa fi jijjiiramni saffisaan addunyaa keessatti raawwateera.

Jaarraa 18ffaa keessa bo’oonii fi daandiin ijaaramaniiru. Jaarraa 19ffaa keessa daandiin baaburaa fi bidiruun hurkaa argamaniiru. Akkasumas jaarraa 20ffaa keessa geejjibni mootooraa fi geejjibni qilleensarraa dagaageera.Dagaagina geejjibaa jaarraalee sadan darbanitti mul’ateef sababni guddaan:

  • mootorri hurkaan socho’aan argamuu
  • gubiinsa boba’aa keessa mootooratti ta’uu (kan mootooraa konkolaataa fi xiyyaaraa)

Waraaqsi geejjibaa jaarraa 18ffaa tti eegale itti fufuun ammallee walakkeessa jaarraa 20ffaa asitti gulaantaa waraaqsa biroo keessa seenne jirra. Dagaagina geejjiba ammayyaatiin wal-qabatee bu’aaleen gurguddoo argaman kanneen armaan gadiiti:

  1. Konkolaatota, xiyaarota fi doonii meeshaalee gurguddaa baatan hojjatamuu.
  2. Dagaagina itti fayyadama Konteeenara (containerization)
  3. Guddina sirna geejjiba motoraa (engine)
  4. Baaburonni saffisa guddaa qaban kalaqamuu
  5. Kalaqamuu ogummaa  addaa (novel crafts) sirna geejjibaa
  6. Fooyya’iinsa guddaa geejjiba qilleensaa. fkn (jaamboo jeetti, konkoord, diriim laayinar)

Gosoota Geejjibaa

Gosoonni geejjibaa gara garaa yeroo ammaa addunyaa irratti tajaajilaa jiran garee sagalitti qoodamu. Isaanis: Ba’aa namaa (Human porterage & human traction), bineeldota (Animals) konkolaataa (motor road transport), baabura (Rail ways), funyoo fi k eebilii (Rope ways and cable ways), ujummoo (Pipelines), geejjiba bishaanii yaa’a keessaa (lageen, bo’oo, haroo), Geejjiba bishaan galaanaa (doonii) fi xiyyaara

As jalatti gosonni geejjibaa kanneen tokko tokkoon yoo ilaalamu wanti hubatamuu qabu tokko gosonni geejjibaa hundi addunyaa guutuu irratti wal-qixxee kan tajaajilan miti. Fakkeenyaaf, ba’aan namaa biyyoota dinagdeen dagaagan keessa hin jiru. Gama biroon geejjibi konkolaataa ammoo naannoo duubatti hafaa akka bosona roobaa Amaazoon keessa guutumaa guututti hin jiru.

Garaagarummaa sirna geejjibaa irratti warri dhiibbaa fidan wantoota ji’oogiraafikaalaa (dhiibbaa teessuma lafaa), dhiibbaa dingdee, dhiibbaa hawaasaummaa fi dhiibbaa baratamati.

  1. Geejjiba Ba’aa Namaa fi Bineeldotaa

Yooma guddinni olaanaan gama geejjibaan argame illee, bifi geejjibaa boodatti hafaan (ba’aa namaa fi bineeldtaa) hanga har’atti naannoolee moggaa fi qopha’aa bahan Afriikaa fi kibba baha Eeshiyaa keessatti baay’inaan tajaajila kennaa jiru.

Waajjira geejjibaa naannoo keessanitti argamuun rakkoolee fi sadrkaa gosoota geejjibaa biyya keenyaa tokko tokkoon barreessa.

  1. Geejjiba Konkolaataa

Wayitii Impaayeera Roomaa duriitti konkolaataan gommaan socho’an daandii dhagaa warri roomaa ijaaran irratti tajaajilaa turan. Akka carraa daandiin kun wayitii giddugaleessaa keessa hojiin ala ta’uun Awurooppaa keessatti geejjibni lafa irraa horii fe’umsaatiin geggeeffamaa ture.

Guddinni industirii jaarraa 18ffaatti fufuun daandii haaraan yeroo ijaaramuu jalqabe warra moofaa Ijaarsa daandii haaraa fi babal’inni daandii moofaa jaarraa 18ffaan boodaa cimnaan kan walqabatu argannoo motora/Injinnii boba’aan hojjatuu fi ijaarsa konkolaataa Atobisii fi kkf ti.

       Faayidaa Geejjiba daandii (konkolaataa)

Faaydaan geejjibni daandii (konkolaataa) gosoota geejjibaa kan biroo irra qabu:

  1. Tajaajila mana manatti kenna
  2. Fageenya gabaabaa keessatti faca’iinsa baay’ee qaba.
  3. Eessattu ijaaramuu waan danda’uuf mi’oota kallattii barbaadan irraa sochoosun ni danda’ama
  4. Gatiin ittiin bitaman geejjiba baaburaa fi doonii irra baay’ee rakasaa dha.

Asirratti geejibni konkolaataa, geejjiba bishaanii fi baaburaa irra faayidaan isaa gad-aanaa akka ta’u beekuun gaariidha. Kunis hanga mi’ootaa fi namoota inni baachuu danda’u kan warri sun baatanii gadi taa’uu isaati.

 Geejjiba Baaburaa

Bu’aa waraaqsa industirii kan ta’e geejjibi baaburaa jijjiirama murta’aa malleen geejjiba keessa (inland transport) irratti walakeessa jaarraa 19ffaa fideera.

Arganoon mootora hurkaan Socho’uun sarara dhaabbataa irra deemu:

  1. Geejjibamuu meeshaalee ulfaatoo fi mi’oota warshaa ulfaatoo mija’aa taasiseera.
  2. Sochii namootaa, ergaa (mail) fi mi’ootaa saffisaa akka ta’u godheera.

Geejjibni baaburaa faayidaa baachuu isaatti dabalataan bu’aa gurguddoo lama argamsiiseera.

1ffaan saffisa sochii mi’ootaa fi tajaajila adda addaa dabaluun deemsa gara dagaaginaatti godhamu saffissiiseera.

2ffaa, biyyoota boodatti hafan keessatti akka tiksee qaroomaatti (the advance guard of civilization) tajaajileera. Naannoo fageenya qaban keessatti, dagaaginni dinagdee fi qubsamni uummataa mija’aa akka ta’u godheera.

* Hangi babal’inaa fi dagaagina geejjiba baaburaa wantoota gurguddoo 4 irratti hundaa’a. Isaanis:

  1. Teessuma Lafaa: baaburri lafa fududdee cima qabu irra deemuu hin danda’u. Kanaafuu, lafa ciisaa ykn wal-qixxaataatu teessuma lafaa kan biroo irra mijataaf. Gaarreen, hallayyaa fi sululli lagaa baasii ijaarsaa waan ol-kaasaniif ijaarsa daandii baabura irratti dhiibbaa qabu.
  2. Hanga guddina aadaa (teeknooliijii): ijaarsi daandii baaburaa ogummaa, teeknooloojii fi beekumsa olaanaa gaafatu.
  3. Baay’ina uummataa (rukkina) yooma naannoo uummanni danuun qubatee jiru hundi, daandii baaburaa gaariitti tolfame hinqabnellee naannoon uummata baay’ee qabu fedhii geejjiba daandii baaburaa qaba.
  4. Dagaagina qabeenya uumamaa: Naannoon qabeenya uumamaa olaanaa qabu sochiin baaburaa bu’a qabeessaa fi walitti fufiinsa qabu akka jiraatuuf haala mijjeessa.

Afriikaa keessatti, fknf daandiin baaburaa kan ijaaraman qabeenya albuudaa guuruuf:

  1. sarara murta’aa qofa irra darba
  2. deemsi buufata dhaabbataa dhuma qabu lama gidduutti raawwata
  3. fe’umsii (fe’uu fi buusuun) buufata dhumaa irratti qofa danda’ama.
  4. Meeshaalee dheedhii ulfaatoo ta’an akka dhoqee sibiilaa fi kattaa boba’aa fageenya dheeratti geejjibuuf ni mija’a.
  5. Ijaarsaaf kaapitaala guddaa, suphuu fi sochoosuuf baasii guddaa gaafachuu isaatiin beekama.
  6. Fageenyi gabaabaanii fi fe’umsi xiqqaan geejjiba baaburaaf bu’aa hin buusu.

Qorannoon faca’iinsa geejjiba baaburaa addunyaa irratti geggeeffame akka ibsutti gosa daandii baaburaa addaan bahan ni jiru. Isaanis:

  1. Neetwooriikii naannoo (local networks) – Neetooriikii naannoo bakka uummani danuun    jiranitti walqabatanii kan ijaaramanii dha.
  2. Sararoota kutanii darban (lines of penetration) – sararoota addaan ba’uun biyya keessa gara buufata doonii ykn xiyyaara qofatti diriiranii dha
  3. Sarara ardii keessa qaxamuru (trans-continental) – sarara daandii baaburaa dhimma dinagdee fi siyaasaatiif ardii irra qaxxamuru kan akka traans saayibeeriyaa fi daandii baaburaa kaanadaa paasifiikii ti.

     Geejjiba Funyoo fi keebilii

Gosi geejjibaa daandii qilleensa irra funyoo fi keebiliitti fayyadamuu jalqaba jaarraa 20ffaa irraa eegale. Warshaaleen Biriitaaniyaa gosa geejjibaa kanaan warra jalqabaati. Haalli beekamaan gosoota geejjibaa kana keessatti haammatan ba’aan funyoo fi keebiliitti rarraaffamuun osoo lafa irra hin ga’in deema. Daandii funyoo ykn keebilii kun humna elektiriikiin kan hojjetan ykn lafa ol-ka’aa irraa karaa gaditti kan tajaajilan ta’uu danda’u.

Hanga 1939tti geejjibi funyoo ba’aa baachuu danda’unis ta’e fageenya isaatiin waliigalatti giddu galeessa ture. Garuu guddinni teeknooloojii gosa geejjibaa kana hanga km80 fi dandeetti baachuu hanga toonii 500tti sa’a tokko keessatti baachuu akka danda’u ta’eera.

Gosa geejjibaa funyoo fi keebilii keessatti ba’aan keebiliitti raarrafamee osoo lafatti hin bu’in deema. Faayidaa olaanaan gosa geejjibaa kanaa teessumma lafaa akka sulula gad-fagoo, lageen babal’aa fi kkf irra diriiruu danda’uu isaati. Bakkeen akkasiitti gosoota geejjibaa biroo ijaaruun hin danda’amu. Sababni isaas rakkoo teessuma lafaa fi baasii isaati. Geejjibni funyoo fi keebilii mi’a ol-kaasuu fi baachuufis ni tajaajila.

      Geejjiba ujummoo

Ujummoon bishaan baachuun tajaajiluu erga jalqaba yeroo dheeraa kan fudhate yoo ta’u, yeroo dhihoon asitti garuu mi’oota biroo illee baachuun ni tajaajila.

     Isaan keessaa beekamoon:

  • zayita (fkn Alaaskaa irra kan qacxxamuru), gaazii uumamaa (Biriitaniyaa irra kan qaccamuru), cilee baqfamaa (liquefied coal), keemikaalootaa fi Aannan (fkn Buufata Alpaayenii Faransaay, siwiizeerland)
  • Geejjibni ujummoo geejjibuu keessatti buufataa gara buufataatti tajaajila. Kanaafuu, gosoota geejjibaa kan biroo irraa bal’inaan baay’ee kan murtaa’eedha.
  • Geejjibni ujummoon baasii geejjiba xiqqeessuudhaan baay’ee bu’a qabeessa dha.
  • Geejjibni ujummoo bishaaniin alatti zayita, gaazii uumamaa, cilee baqfamaa, keemikaalootaa fi aannan geejjibuuf fayyada.
  • Addunyaa irratti ujummoowwan gurguddoo baay’eetu jira. Isaann keessaa muraasni gabatee armaan gadii keessatti kennameera.
Maqaa Ujummoo (Sarara Ujummoo)Dheerina (km)Mi’aa dabarsuKan inni wal-qabsiisu
Inchii isa guddaa AmeerikaazayitaQarqara galoo dirree zayitaati gara kaaba bahaa
Sarara Taappii1600zayitaKaampaanii zayitaa Ameerikaa galoo peershiyaa fi sidoon wal-qabsiisa.
Sarara Fireendishiippii Difdifa boba’aaBoba’aa difdifa dirree zayitaa Volgaatii Baha Awurooppaatti geessa. ‘USSR’n ijaarame.

      Hanqina gurguddoo geejjiba ujummoo

  • Ijaarsi isaanii baasii gudda gaafata
  • Buufata tokkoo fi kan biroo qofa wal-qabsiisu

Geejjiba Bishaanii Biyya keessaa (inland water transport)

Deemsi bishaanii biyya keessatti kan raawwatu laggeeniin, bo’oon fi haroodhaan.

* Geejjibni bishaanii biyya keessaa bu’aas miidhaas ni qaba. Bu’aa fi miidhaa gurguddoon isaan qaban:

          Cimina

  • Daandii sirreessuuf ykn suphuuf baasiin ba’u hin jiru.
  • Gatii rakasaan mi’oota ulfaatoon akka jirma mukaa, cilee, dhoqqee-sibiila fe’uuf gargaara.

      Hanqina

  • Tarii kallattii ykn daandii tokko qofa irra  deemuu, keessattuu biyyoota gaarreen itti baayatutti
  • Lageen darbatamaa fi finca’aa bishaaniin addaan cituu danda’u. Bo’oonis cuufamuu danda.
  • Kallattii dogoggoorra deemuu danda’u
  • Ijaarsii fi suphuun bo’oo kaappitaala guddaa barbaada.
  • Hangi bishaan lagaa waqtiin ni jijjiirama.
  • Geejjibni bishaanii geejjiba lafa irraa kan biroo hunda irra suuta kan jedhuu dha.

Geejjiba Garba Irraa

Yeroo dheeraa irraa eegalee geejjibni bishaan garbaa geejjiba bu’aa qabeessaa dha. Yeroo baay’ee baasii xiqqaa gaafachuu isaa fi mi’oota ulfaatoo fi gurguddoo fe’uu isaatiif filatamaa dha. Guddinni doonii, bal’ina buufata doonii fi daandii doonii sanaa ni murteessa. Dooniin guddaa dha yoo ta’e buufatni doonichaas wantoota adda adda of-keessatti qabaachuun guddaa ta’uu qaba.

Faayidaa geejjiba garbaa olaanoon:

  • Daandii garbaa inni guddaan (highway) gibira irraa walaba, Daandiin ijaaramu ykn suphamuu hin jiru, Wantoonni gurguddoon fe’amuu danda’u, fi Baasiin geejjibaaf bahu rakasadha. Wanti akka hanqinaatti ka’uu danda’ saffisni qabaachuu dhabuu, tataajila manaa manaa kennuu dhabuu, baasii ijaarsa buufata doonii, biyyoota carraa galaanaa qabantu irra fayyadama, saamtota galaanaa (sea pirate) irraaf saaxilamuu isaa fi kkf dha.

Daandiiwwan doonii Addunyaa gurguddoo

Daandiiwwan doonii addunyaa gurguddoon kan armaan gadii ti. Isaanis:

  1. Daandii Atlaantik kaabaa
  2. Daandii galaana meediteraaniyaa→Galaana Diimaa → garbaa hindii
  3. Daandii keeppii (Afriikaa kibbaa)
  4. Daandii Atilaantikii kibbaa
  5. Daandii paanamaa
  6. Daandii kaaba paasifiikii

                 

Kaartaa 2.1.  Daandiiwwan doonii Addunyaa gurguddoo

     Geejjiba Qilleensaa

Geejjibi qilleensaa dagaaguu kan jalqabe mudde, 1903 wayita obboloowwan lamaan Raayiti jedhaman balali’uu danda’an irraa eegalee ti.

Ergasii asitti geejjibni qilleensaa jijjiirama adda addaa gama: bal’inaan, saffisaa fi fageenya balali’uutiin keessa darbee jira.

 Faayidaa geejjiba qilleensaa

Faayidaa gama waraanaatiin kennu alatti xiyarri imaaltoota fageenya dheeraa deemsisuun isaa faayidaa olaanaa inni kennuu dha. Dabalataan, meeshaalee gati-jabeeyyii sasalphoo fi meeshaalee dafanii baduu danda’an geejjiba qilleensaatiin geejjibamu.

Mi’oonni gurguddoo geejjiba qilleensaatiin geejjibaman kanneen akka: mi’oota yaalaa fi qorichaa, mi’oota elektirooniksii, mi’oota dafanii manca’an fkn. Kuduraa fi muduraa fi Sibiilota gat-jabeeyyii akka warqii fi diyaamandii fa’i.

       Cimina geejjiba qilleensaa

  • Sochii baay’ee saffisaa
  • Sochii walaba ta’e (yooma biyyoota muraasa keessatti qoqqobbaan  jiraate illee)
  • Daandii hin barbaachisu
  • Bakka gosi geejjibaa kan biroon hin geenye gahuu danda’uu isaati.

            Hanqina isaa:

  • Xiyyaarri bal’ina (guddina) muraasa ta’e waan qabuuf ba’aa murtaa’e qofa fe’a
  • Baay’ee mi’aadha (expensive)
  • Haala qilleensaatiin balaaf ni saaxilama

      b. Quunnamtii

Ji’oogiraafii keessatti jechoonni geejjibaa fi quunnamtii jedhan yeroo baay’ee waliin dhiyaatu. Haata’u malee lamaanuu hiika of-danda’e kan mataa isaanii qabu.

  • Akkuma kana dura baratte, Quunnamtiin tamsa’ina yaadaa (odeeffannoo) sagalee fi ergaan ta’u yommuu ta’u gejjibni ammoo sochii mi’oota fi namoota bakka bakkatti ta’u ilaala.
  • Ejentoonni geejjibaa fi Quunnamtii keessatti tajaajilaan adda adda dha. Garuu, ejentoota lamaan gidduutti daangaa addaan baasuun rakkisaa dha. Kunis sababiin isaa karaalee geejjibaa fi qunnamtii yeroo tokko tokko wal-fakkaatu (tokkoo dha). Fakkeenyaaf, dhalli namaa ergaas ta’e ba’aa bakkaa bakkatti geessuuf ni tajaajila.

                Faayidaa Quunnamtii

Yeroo dhalli namaa argamee eegalee quunnamtiin faayidaa baay’ee fi mul’ataa ta’e qaba. Meeshaaleen quunnamtii ammayyaa saffisa ajaa’ibsiisaa ta’een ergaa fi yaada (odeeffannoo) qaama addunyaa hundaaf waliingaha.

Haalli mija’aan ergaanii fi odeeffannoon ittiin darbu jiraachuun yeroo har’aa faayidaa ji’oogiraafawwaa gurguddoo qaba. Isaanis:

  • Haala qilleensaa tilmaamuuf kunis jireenya namootaa, qotee bulaa, xiyyaaraa fi payileetootaaf faayidaa olaanaa qaba.
  • Akeekkachiisa balaa adda addaa kanneen akka lolaa, ilbiisota miidhaan balleessanii, qorra, bubbee cimaa, dumeessaa, fi kkf badii qabeenyaa oolchuu danda’a.
  • Odeeffannoo gatii gabaa eeguu fi odeeffannoo dhiheessii, fedhii fi gatii mi’ootaa irratti darbuun namoonni daldala keessa jiranii fi fayyadamtoota waan bitanii fi gurguran irratti karoorfatanii akka hojjetan isaan fayyada.
  • Barnootaa, bulciinsaa fi qo’annoo fi qorannoodhaaf bu’aa olaanaa gumaacha.

Meeshaalee Quunnamtii

Quunnamtii mijeessuu fi saffisiisuuf, dhalli namaa meeshaalee baay’ee uumeera. Meeshaleen quunnamtii dhala namaatiin uumaman kun iddoo lamatti qoodamu. Isaanis:

  • Meeshaalee aadaa fi Meeshaalee ammayyaati.
  1. Meeshaalee Aadaa

Meeshaaleen aadaa qunnamtii kanneen akka Dibbee (Drums), Ibidda (Fire), Aara (smoke signals), Warra fiigan (Runners), Fardaa fi beelada biroo (Horses & other animals), Garee amanaman (rely team), xurunbaa, faana lukaa kkf fayyadamuun odeeffannoo dabarsuudha.

Hanga walakkeessa jaarraa 19ffaatti quunnamtii dhala namaa irra caalaan kan irratti hundaa’aa ture geejjiba fardaa fi namoota figaniin.

  1. Meeshaalee Ammayyaa

Dagaagni quunnamtii hanga jaarraa 19ffaatti suuta kan jedhe ture. Ergasii as garuu dagaagni murteessan galmaa’eera. Kunis dagaagina teeknooloojii gama elektiriikiin walqabatee ibsama. Eddasii as meeshaaleen quunnamtii garagaraa baay’een umamaniiru. Quunnamtiin ammayyaa kan geggeeffamu meeshaalee ammayyaa armaan gadiitiinii dha.

  • Teelee-giraafii elektiriikaa, teeleefoonii (bilbila), maashinii gosa teelee, raadiyoo, raadaarii, imeelii (email), faaksii, intarneetii, xalayaa fi Meeshaalee quunnamtii ijaan agarsiisan kan akka TV, pilaazimaa, teelee-Konfiraansii, viidiyoo kkf dha.

                  iii. Turiizimii

Godaansi uummata miiliyoonaan lakka’amu gara qarqara fi baadiyaa biyyaatti ganna ganna godhamu ta’iiwwan ammayyaa beekamoo yommuu ta’u, yaadni biyya hambaa deemuu jedhu ammoo isa yeroo dhihooti. Seenaan isaas jaarraa 19ffaa irraa eegaleeti. Ogummaan fayyaa guddina biyyaa biyyatti deemuuf irra caalaan bu’uura kan ta’eedha. Jaarraa 17ffaa keessa ogeessonni fayyaa qorichummaa fi dhukkubattii fayyisuu bishaan albuuda qabanii irratti yaada kennuu eegalan. Haaluma kanaan dhukkubsattoonni mana isaanii irraa gara wantoonni kun argamanitti deemuu jalqaban. Inni kun sadarkaa dagaagina turiizimii isa jalqabaa akka uumamuuf haala mijeesse. Deemsi gara qarqara galaanaatti ta’u ammoo sadarkaa isa lammaffaa agarsiise.

Kutaan kun sababoota ka’umsa turiizimii, wantoota guddina turiizimiitiif gumaachanii fi faayidaa dinagdee turiizimiin qabuu irratti xiyyeeffata.

    Dagaagina Turiizimii

Ummatni kan turiizimii keessatti qooda fudhatuuf yoo xiqqaate sababoota gurguddoo shaniif. Isaanis:

  • Qaamaa fi sammuu haroomsuu fi bashannansiisuuf
  • Gammachuu uumuuf
  • Ispoortii dagaagsuu- bishaan daakuu, cabbirra sigigaachuu, bidiruun deemuu, qurxummii qabuu, dhukaasa dhukaasuu fi kkf.
  • Fayya Horachuuf – qilleensa gaarii, ho’a biiftuu, bishaan qorchummaa qabuun qaama dhiqachuuf
  • Beekumsa argachuu – bakkeewwan seena qabeessaa fi aadaan wal-qabatan irraa beekumsa argachuu.

        Wantoota Turiizimii Jajjabeessan

Haala dureewwan dagaagina turizimiif barbaachisan kanneen armaan gadiiti:

  1. Qilleensa baramaa gaarii ð deemsi gara qarqara galaanatti kan ta’u waqtii ho’aatti.
  2. Ijaarsa adda addaa ð Haalawwan akka bakka dhiqannaa, bidiruun deemuu, bashannanaa, teessuma qarqara bishaanii babbareedaa.
  3. Dhaqqabiinsa (Dhiheenya iddoo seena qabeessaa ykn uumamaa) ð dhaqqabiinsi turiiziimii guddisuu keessatti faakteerii isa guddaadha. Hanqinni geejjibaa fi fagaachuun bakkeewwanii guufuu turiizimiiti.
  4. Teessuma lafaa bareedaa ð gaareen, haroowwan, sululaa, kkf
  5. Cirracha qarqara bishaanii (bichii) irraa fkn Bichii paliimii Bichii koop kaabaanaa (rihoo Dejeneeroo keesssa), moontee goo Beeyi (Jaamaayikaa keessa), Hara Laangannoo fi kkf.
  6. Nageenya fi tasgabbii siyaasa
  7. Ilaalcha gaarii uummanni Turiizimiif qaban
  8. Imaammata Turiizimiif kkf wantoota dagaagina turiizimiif gahee guddaa gumaachan keessaa isaan olaanoo dha.

  Deemsa Turiistoota Addunyaa

Qabeen Turiizimii addunyaa inni miliyoona 25 bara 1950 ture bara 1980ti ammoo miliyoona 300 ti ol siqeera. Turiistootni irra caalmaan warreen jireenya gaarii jiraatanii fi galii qabanii dha. Baay’een tuuristoota addunyaa biyyoota dureeyyii keessa warra maddanii dha. Biyyoonni kanneenis biyyoota turiistoota maddisiisan ykn tourist generating countries) jedhama. Biyyoonni kunis kanneen armaan gadii ti.

  • Gamtaa Mootummaa Ameerikaa (USA), Kaanadaa, Biritaaniyaa (Ingiliz), Faransaay , Neezerlaandi, Jarmaanii dhihaa, Beeljiyeem , Siwiizerlaand Jaappanii fi Biyyoota Arabaa zayitaan badhaadhan muraasaa dha.
  •  Dagaaginni geejjibaa, keessattu kan daandii qilleensaa sochii tuuristootaa addunyaa mijeessuu keessatti gahee guddaa taphateera. Gamtaan Mootummaa Ameerikaa madda turiizimii addunyaa yeroo ta’u Jarmaniin ammoo itti aanti.

Waajjira aadaa fi tuurizimii godinaa/aanaa deemuun sochii, sadarkaa/haala irra jiru, bu’aa, rakkoolee fi furmmaata rakkoolee akkasumas hawwattoota tuuristii akka biyyaa, naannoo, godinaa fi aanaatti adda baasuun barreefama gabaadhaan dareef dhiyeessi.

        Haala Turiizimii addunyaa (Baasii fi Galii)],

Yooma sababoota siyaasaa fi jeequmsa dinagdee addunyaatiin reetiin galii turiizimii addunyaa gad-bu’aa jiraate illee, waraana addunyaa lammaffaan booda galiin turiizimii walitti fufiinsaan ol-dabalaa jira. Naannoon Awurooppaa fi Ameerikaa kaabaa baasii fi galii turiizimiitiin warra dursaniidha. Ispeen ammoo Awurooppaa keessaa biyyaa turistoonni itti dhangala’an ta’uun warra dursan keessa tokko yoo taatu biyyoonni akka Afrikaa humna (potential) tuurizimii guddaa kan qaban ta’us sababa tasgabii dhabuu, hanqinaalee bu’uuraalee misoomaa (karaa, ibsaa, hoteelota, ICT kkf) hanga yeroo dhihoo kanaatti bu’aa seektara kanarraa argachuu qaban dhamdhamataa hin turre.. Haata’u malee, yeroo amma kana foyya’insi yaa’iinsa tuurstootaa jiraatus humna jiruun birqabaan yoo ilaallamu kan lakkofsa keessa galuu miti. Galiin tuurizimii irraa argannu xiyyeeffannaa fi invastimanti biyyi tokko seektaricharrratti guuturrattis ni hundaa’a

Biyyoota Afrikaa keessaa biyyoonni Afrikaa Kaabaa, Ripabiliika Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fi kkfn birqaabaan hawwata tuuristii isaaniirraa galii fooyyee argataa jiru. Gara biyya keenyaatti yoodhufnu qabeenya hawwata tuurstiitiin sadarakaa gaariirra kan jirruu fi hambaalee heddu UNESCO dhaan kan galmeessine akkasumas qabeenya uumamatiin kan badhaate yoo taatu, gama galiitiin yeroodhaa gara yerootti foyya’iinsi jiraatus ammas karaa dheeraan akka nu eeggatu hubachuun nidanda’ama.

  Faayidaa Dinagdee Turiizimiin qabu

Turiizimiin warshaa aara malee jedhamuun beekama. Kanaafuu, faayidaa hedduu qaba. Isaan keessaa warri gurguddoon sadan:

  •  Namoota baay’eef carraa hojii bana, biyya alaa irraa galii guddaa galcha fi dagaagina sochiilee biroo kanneen turiizimii deggeranii jajjabeessa. Fkn ijaarsa hoteelaa, geejjibaa fi kkf.
  •  Qarshiin gama turiizimiin argamu garee ‘invisible exports’ jedhaman keessatti ramadama.‘Invisible exports’ kan jedhamu kun galii tajaajiloota akka geejjiba garbaa/galaanaa, inshuraansii, baankii fi kkf irraa argamaniin kan wal-fakkaatu dha.
  •  Galiin turiizimii kun nyaata alaa galu, meeshaalee dheedhii alaa galanii fi mi’oota warshaa bituuf ni oolu. Kanaafuu, galiin turiizimii irraa argamu madaala bittaa/daldalaa biyyoota guddachaa jiranii fooyyeessa.
Gabatee 2.1. Cuunfaa qoodama Sochiiwwan Dinagdee
u Sochiiwwan sadarkaa 1ffaa QonnaAlbuuda baasuuAdamooFunaanuuQurxummii qabuuv Sochiwwan sadarkaa                          2ffaa (Warsheessuu) Waan haaraa uumuu/fabricatingQaamolee meeshaa  walitti qabuun oomishuu (Assembling)w Sochiiwwan sadarkaa                            3ffaa Daldaala qinxaaboo/retailing Kenna Tajaajilaa/servicesxSochiiwwan  Sadarkaa 4ffaa     a.Tajaajila  odeeffannoo     b. Qo’annoo fi qorannoo
  • Yadiddamoota Qonnaa fi Industirii (Agricultural and Industrial Theories)    

Yaadiddamoonni sochii diinagdee qonnaa fi industirii heddutu jiru. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti kan filataman akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru.

  • Yaad-hiddamaa itti fayyadama lafa qonnaa Voon Tuun.

Voon Tuun namticha biyya Jarmanii isa si’a duraatiif naannoo magaalaa tokkootti moodela bakka argama sochiilee qonnaa adda addaa agarsiisu qopheessee dha.

Bara Voon Tuun keessa sochiileen qonnaa addaa addaa naannoo magaalotaatti bakkeewwan adda addaa keessatti naannoo magaalotaatti geengoo ykn qubeelaa uumanii argamu.  Jalqaba jaarraa 19ffaa keessa kaaba Jarmanii qarqara galaana Baaltikii keessaa Voon Tuun lafa qonnaa bal’aa qabaachaa ture.  Muuxannoo ofii isaatii waggoota 40 fi wantoota kaaba Jarmanii keessatti taajjabe qindeessuudhaan kitaaba mata dureen isaa “The Isolated State” jedhamu bara 1826 qopheesseera. Moodela fayyadama lafa baadiyyaas qopheesseera.  Akka moodela kanaatti qoteebultoonni dalagaa qonnaa bakkuma arganitti hin kaffalani.  Fakkeenyaaf oomishinni aannanii fi kuduraa fi fuduraan gabaa irraa geengoo isa jalqabaa irratti argamu.  Horsiisni beelladaa ammo gabaa irraa geengoo isa jahaffaa irratti argamu.

 Moodela kana keessatti tartiibonni fayyadama lafaa naannoo magaalaatti argamuu fi waldorommii sochiilee gara garaa gidduutti geggeeffamuu dha.

Moodela: jechuun bakka bu’a wanta qabatamaa walxaxaa bifa salphaa ta’een agarsiisu jechuu dha.  Moodelli yaad-hiddama, seera tilmaama yookiin graafii ta’uu ni danda’a.

Voon Toon waan Kaaba Jarmanii keessatti taajjabe ibsuufis ta’e fakkiin agarsiisuun wanta qabatamaa addunyaa moodelatti fayyadamee salphisee dhiheesseera. Wanta qabatamaa addunyaa salphisuuf yaalii baay’ee taasiseera.  Kana jechuun moodelichi (Yaad-hiddamichi) kan hojjetu yammuu tilmaamichi haala qabatamaa ji’oograafawaa naannoo tokkootiin wal simuu dha.

2.3.2. Yaad-rimeewwan Voon Tuun

Bakki qorannoo jala jiru sun addunyaa biroo irraa adda ba’uu qaba.

  •  Bakki adda ba’e kun teessuma fiizikaalaatiin (bal’ina, diriiraa, lafa dakee) kan irratti oomishoonni qonnaa adda addaa geggeeffaman ta’uu qaba.
  • Magaalaan keessatti oomishaaleen qonnaa gurguramanii fi kan qonnaaf barbaachisan irraa bitaman jkiraachuu qaba.  Qoteebultoonni martinuu yeroo kamiinuu oomisha walfakkaatuuf galii walfakkaatu argatu.
  • Gosa geejjibaa tokkittii innis gaarii fardaan harkifamu qofatu jira.
  • Gatiin geejjibaa akka fageenyaatti garaagarummaa qabaachuu qaba.  Gatii kanas qoteebultootatu danda’a.
  • Qoteebultoonni as keessatti argaman martinuu akka nama dinagdeetti (bu’aa guddifachuu kan barbaadan) tti of ilaaluu fi hundumtuu waa’ee gabaa beekumsa walfakkaataa qabaachuu qabu.

Moodela kana keessatti waanti Voon Tuun agarsiisuu barbaade akka fageenyi gabaa irraa fagaataa adeemeen:

  1. Intensitiin oomishaa ni xiqqaata  fi Gosti fayyadama lafaa adda adda ta’a

Akka Voon Tuunitti garaagarummaan intensitii oomishaa keessaa fi fayyadama lafaa (sochiilee qonnaa) keessatti uumamuu kan danda’eef sababa bakka argamaa (dinagdee) tiif.

Bu’aa bakka argamaa jechuun maal jechuu dha?

Bu’aa bakka argamaa:- jechuun garaagarummaa baasii midhaan tokko bakka tokko irratti oomishuuf bu’uu fi geejjiba isaa gam-tokkoon fi galii midhaan sanaa irraa argamu gidduu jiru jechuu dha.  Kanaaf bu’aan bakka argamaa bu’aa lafa xiqqaa tokko irraa argamu jechuu dha.

Bu’aa bakka argamaa jechuun bu’aa lafa tokkorraa argamu kan oomishni tokko itti oomishamu jechuu dha.

Bu’aan bakka argama akkamitti shallaggii herregaatiin agarsiifama?

Bu’aan bakka argamaa shallaggii herregaatiin yammuu agarsiifamu

LR  =  Y ( m – c  – td )

  LR = Bakka Argamaa    Y =   Oomisha hektaaraan    c = Baasii oomisha tokkoo                                         m = gatii oomisha tokkoo t =Gatii geejjiba oomisha tokkoo  d = fageenya inni gabaa irraa qabu.

Foormulaa armaan olitti fayyadamne LR (bu’aan) oomisha tokkoo yeroo gabaa irraa bakki argama isaa fagaachaa adeemu harka meeqaan xiqqaachaa akka adeemu shallaguun ni danda’ama.  Haaluma walfakkaatuun foormulaan bu’aa bakka argamaa LRn oomisha tokkoo gabaa irraa fageenya adda addaa irratti hammam akka ta’e beekuuf nu gargaara.  Kana caalaatti illee qarqarri oomisha tokkoo eessa akka ta’e addaan baasuuf nu fayyada.  Kana jechuun tuqaa irratti baasii fi galiin walqixa ta’an jechuu dha.

Qarqara oomishaa (marginal production): bakka itti baasii fi galiin walqixa ta’uu irraa kan ka’e qoteebulaan oomisha oomishuu dhaabu jechuu dha.

Hariiroon bu’aa bakkaa fi fageenya bakkicha gabaa irraa qabu fakkii armaan gadiitiin agarsiifamee jira.

                           0                                                  X

                                  Fageenya Gabaa oomisha irraa

          Fakkii 2.4 Hariiroo bu’aa bakka argamaa fi fageenya bakkichi gabaa irraa qabu gidduu.

* Fakkii armaan olii irraa wantoota qabatamoo armaan gadii hubachuun ni danda’ama.

  • Jalqabarratti LR ykn bu’aan “0” (bakka gabaa) lafa gatiin geejjibaa zeeroo ta’e irratti guddaa dha.
  •  Lammaffaarratti LR (bu’aan) suuta suuta “0” irraa eegalee gara “X” tti xiqqaachaa adeema. 
  • ‘X’ n daangaa oomishaati. Inni bakka itti baasiin oomishaa fi galiin oomisha irraa argamu walqixa ta’uudha.  Kanaaf “X” booda oomisha geggeessuun akka “0” fi “X” gidduu kan bu’aa qabu miti. 
  • Bakki argama “X” booda jiru sochii qonnaa biroo kan bu’a qabeessa ta’e geggeessu qaba.

LR (Bu’aan bakka) handhuura gabaa irraa fagaachuu akkuma deemamuun maaliif oomishuma tokko irratti adda addummaa agarsiisa?

Akkuma mala dhaha Voon tuun irraa hubatamutti, Qoteebultoonni hundinuu midhaan gosa tokko irraa galii walfakkaataa argatu.

Baasiin Oomishaa qotee bultoota maraaf wal qixxee dha. Kanaaf, LR (bu’aa bakka argama) kan inni gabaa irraa bakka fageenya adda addaatti garaagarummaa qabaatuuf sababa gatii geejjibaatiif. Gatiin geejjibaa fageenya bakki tokko gabaa irraa qabuu wajjin hariiroo kallattii qaba.

2.3.3. Fakkeenyota Moodela Voon Tuun

Fakkeenyi armaan gadii dhiibbaa gatiin geejjibaa bu’a qabeessummaa meeshaan tokkoo akka gabaarraa fagaatee irratti qabu ibsa.

  Kennama:

Oomisha lafa murtaa’aa tokko irraa argamu toonii 100/km2

Gatii meeshaan tokko gabaa keessatti baasu $ 60/toonii

Lafa tokko irratti baasii oomisha $ 10 toonii

Gatii geejjibaa meeshaa tokkoo fageenyaan $ 1/t/km

Odeeffannoo olitti kenname irratti hundaa’uun

1.  LR (bu’aa bakka argamaa) meeshaa (X) tokko irratti qoteebulaan tokko   akka fageenyi gabaa       

     Irraa jiru jijjiiramuun argatu shallagi.

2. Daangaa oomishaa (X) addaan baasi.  

    LR fi daangaa oomishaa “X” argachuuf foormulaa kanatti maa’ii ba’uun barbaachisaa ta’a. 

LR  =  Y (m – c – td)

Fakkeenyaaf LRn bakka gabaa irratti LR = y(m-c-td)

         = 100 (60-10-0)

         =    $ 5000

Gabaa irraa km 10 irratti       LR: 100  (60-10-10)                $ 400

Fageenya bakka gabaa irraaYMCTd      LR = Y(m-c-td) (gatii LR herreegi)
010060100LR =
10100601010LR =
20100601020LR =
30100601030LR =
40100601040LR =
50100601050LR =

         Gabatee 2.2 hariiroo fageenya bakka oomishaa fi bu’aa bakkaa

Akkuma gabatee armaan olii irratti ibsame bu’aan (lR)n gabaa irraa kan fageenya km 0, 10, 20, 30, 40 fi 50 irratti argaman duraaduubaan 5000, 4000, 3000, 2000, 1000 fi 0 dha. Km meesaa “X” dhaaf daangaa oomishaati.  Bu’aan bakka argamaa qotee bulaan meeshaa “X” irratti km 10 keessatti doolaara 100 jijjiirama agarsiisa.  Hariiroon bu’aa bakka argamaa fi fageenyi bakki tokko gabaa irraa qabu graafiidhaanis ni agarsiifama.

  • Akkuma magaalaa irraa fagaachaa ademneen gatiin geejjibaa dabalaa adeemuun ifatti beekamaa dha.  Gama biroon ammo gatii geejjibaa kana hambisuuf jecha qarqara magaalaatti sochiilee qonnaa garagaraa akka hin geggeessine gatiin lafa qonnaadhaa hin qabsiisu.  Yeroo midhaanni lama lafa tokko irratti waliin dorgoman inni irra caalaatti bu’a qabeessa ta’e waan oomishamuuf gatiin lafaa akkuma gabaatti dhihaataa adeemeen dabalaa adeema.

2.3.4. Guddachuu Moodela Voon Tuun

Akkuma olitti ibsamaa ture moodelli fayyadama lafa baadiyyaa Voon Tuun yaaddan xumuraa armaan gadii irratti hundaa’a.

  • Akkuma fageenyi gabaa irraa dabalaa adeemuun intensitiin (invastimantiin qonnicharratti godhamu)  hir’achaa adeema.
  •  Gosti fayyadama lafaa akka fageenyi gabaa irraa dabalaa adeemeen jijjiirama.
  •    Bu’aan bakka argamaa akkuma magaalaatti dhiyaachaa adeemneen dabalaa adeema. Kun ta’uu kan danda’eef bu’aa guddifachuuf jecha investimantiin qonnarratti qotebultoonni godhan ni dabala; bu’aanis haluuma sanaan olka’a jechuudha.
  •  Akka fageenyi gabaa irraa jiru dabalaa adeemuun gosti fayyadama lafaa jijjiiramaa adeema.

Voon tuun bakka gabaatiin wal-bira qqabee bakkeewwan argama midhaanota adda addaa argisiiseera.  Akka inni tilmaametti midhaanonni ulfaatoon kanneen akka dinnichaa ulfaatinni isaanii baasii geejjibaa dabaluu waan danda’uuf qarqara magaalaatti oomishamuu qabu.  Ittuma dabalee akka inni gorsetti midhaanni dafanii tortoran kanneen akka aannanii fi kuduraalee hamma danda’ametti gabaatti dhihaatanii oomishamuu qabu.Gatiin geejjiba isaanii waan xiqqaa ta’eef midhaanni exteensiivii fi sasalphaan fakkeenyaaf qamadiin gabaa irraa fagaatanii oomishamuu qabu.

  Akka inni yaada kennetti gosootni fayyadama lffaa naannoo magaalaatti geengoo wal duraa duubaan uumanii argaman akka armaan gadiitti jiru.

  1. Oomishni aannanii fi kuduraaleen waan dafanii samaniif gabaatti aananii oomishamuu qabu.
  2. Jirmi ulfaataa fi magaalaa keessatti barbaachisaa waan ta’eef (qoraanii fi ijaarsaaf) yeroo sana humni elektrikaa waan hin jirreef
  3. Bakka midhaan dheedhiin intensiiviidhaan waggoota jahaaf osoo lafa hin ba’in qotamu.
  4. Yammuu marsaan qonnaa waggaa torbaa (qonnaa fi kaloo) dabalaa yammuu adeemu oomishni midhaan dheedhii intensiivii xinnoo ta’aa adeema.  Horsiisi beelladaa ni dabala.
  5. Qonnaa eksteensiiviin waljijjiirraa waggaa sadii (qonnaa fi kaloo) oomishni isaa ulfaataa fi kan dafee tortoru ta’a.
  6. Horsiisa beelladaa (furdisuu fi dheechisuuf)

                 Fakkii 2.3 Geengoo argama gosoota fayyadama qonnaa naannoo magaalaa  

2.3.5. Modela fayyadama lafa baadiyyaa

Moodela isaa kana irra caalaatti qabatamaa taasisuuf jecha Voon Tuun moodela isaa irratti fooyya’iinsa lama taasiseera.  Isaani:

  1. Laga geejjibaaf ooluu: Kana itti dabaluun isaa akka qonnaan danaa roggee qabaatu taasiseera.
    1. Gabaa magaalaa sadarkaa 2ffaa akka bakki daldalaa xiqqoon kan isa giddugaleessa

  magaalaatiin dorgomu taasiseera.

  •  Ceephoowwan Voon Tuun  irratti dhihaatan:
  • Baay’ee salphisuu
  • Yeroon itti darrbuu
  • Amaloota qoteebultootaa dagachuu
  •  Qonnaa keessatti ga’ee mootummaa dagachuu

2.4. Yaada hiddamoota argama warshaalee (Industrial Location theories)

Barattootaa! Kutaa kana jalatti yaad-hiddamoota argamaa warshaalee hayyoota adda addaatiin dhiyaatan ilaalla. Yaada-hiddamoota kana keessaa warri baay’ee beekamoo fi hojii irra oolan.

  1. Yaada hiddamoota argamaa Weebeer (Weeber’s Theory of location)
  2. Argama dinaagdee Looshii (Losh’s economics of location)
  3. Naannoo  (daangaa) bu’aa olaanaa Ismiiz (smith’s spatial margins)
  1.  Yaada hiddama argamaa Weebeer (weber’s theory of location)

 Alfireed Weebeer ogeessa dinaagdee biyya Jarmanii kan ta’e bara 1909tti moodeelaa waa’ee argama warshaa ibsuu fi tilmaamuu maddisiisee dha. Akka weebeeritti warshaan kan barbaaduu fi fedhu argama baasii xiqqaa gaafatu (the lowest cost location) dha.

Wantoonni gurguddoon weebeer argamaan walqabsiisee ilaalle.

  • Baasii geejjibaa (transportation cost), Baasii humna namaa (labour cost) fi Bakka tokkootti danachuu warshaalee (agglomeration) ti.

     A. Baasii geejjibaa (transportation cost)

     Gabaa tokkoo fi bakka mi’i   dheedhii tokko jirutti baasii geejjibaa akkamitti xiqqeessuu dandeenya?

Osoo mi’a dheedhii bakka hundaatti kan argamu ta’e oomishnii naannoo gabaatti geggeeffamaa. Kana jechuun warshaan uumuu (hojjechuu) saayitii ykn bakka meeshaalee dheedhiin jirnitti dhaabbatu jechuu dha. Kanaafuu, mi’a dheedhii iddoo hundumaa jiru bakka birootti fe’uun hin barbaachisu. Akka weeberitti mi’i dheedhiin:

  1. bakka hundaatti kan argamuu (ubiquitous)
    1. bakka murtaa’aa ta’eetti kan argamu (Localized)

Qoodama Mi’a Dheedhii

Mi’a dheedhii bakka hundaatti argamu kan jedhaman mi’oota dheedhii fac’iinsi isaanii walfakkaatoo ta’an.  Fkn Bishaan, suphee

Mi’a dheedhii bakka murtaa’etti argaman kan jedhaman kanneen faca’iinsi isaanii wal-fakkaataa hin taane dha.

      Qulqulliina mi’a dheedhii akkamiiin addaan baasuun danda’ama?

Alfireed Weeber argama warshaa bakka mi’a dheedhiin itti argamuun wal-qabsiisee jecha indeeksii meeshaalee (material index) jedhu beeksiseera.

Hubachiisa:

  • Yoo indeeksin ulfaatina mi’aa (IM) tokkoo (1) ol ta’e, mi’a dheedhiin qulqulluu kan hin taanee (gross) fi ulfaatinni wayiitii oomishaa kan hir’atu (weight losing during manufacturing) dha. Haala akkasii keessatti warshaan naannoo mi’a dheedhiitti dhihatee dhaabbachuu qaba.
  • Yoo indeeksin ulfaatina mi’aa (IM) tokkoo (1) gad-ta’e, wayitii oomishaa ulfaatinni dabalamuu qaba. Haala akkanaa keessatti ammoo, warshaan naannoo gabaatti dhihaatee dhaabbachuu qaba.
  • Yoo indeeksin ulfaatina mi’aa (IM) tokkoo (1) ta’e, mi’a dheedhiin qulqulluu ta’uu qaba. Haala kana keessatti mi’i dheedhiin wayitii oomisha keessatti ulfaatinni isaa hin dabaluus hin hir’isuus. Akaakuun warshaa akkanaa naannoo mi’a dheedhii, gabaa ykn bakka giddu galeessaa tokkotti dhaabbachuu qaba.

          Qulqullinni mi’a dheedhii argama warshaa irratti dhiibbaa    fiduu danda’aa?

Yoo mi’a dheedhiin qulqulluu ta’e, oomishni bakka gabaatti raawwachuu danda’a. Mi’oota dheedhiin qulqulluun adeemsa oomisha keessatti ulfaatina kan dabalatanii fi bu’aa kan buusaniidha. Kanaafuu, mi’a dheedhii bakka fagootti oomishuufi qopheessuun ni danda’ama.

         Mi’oota dheedhii (oomisha irratti ulfaatina hir’isan) eessatti qophaa’u?

Mi’oota dheedhii adeemsa oomishaa irratti ulfaatinni isaanii hir’atu baasii geejjibaa wantoota hin barbaachifneef (kosii ta’aniif) baafamu hanbisuuf jecha naannoo mi’i dheedhiin sun baafamutti qophaa’uu qabu. Sababiin isaas mi’oonni ulfaatina hir’isan ulfaatoo (gurguddoo) fi kosiin kan itti baa’atu dha.

Fakkeenyaaf:         

  • Mi’a dheedhii rakashaa fi Oomisha keessatti ulfaatinni waan hir’atuuf warshaan saayitii mi’a dheedhiitti dhihaatee dhaabbachuu qaba. Fakkeenya:     

Boqonnaa Sadi

Ummataa fi Dhimmoota Ummataa (Population and population Issues)

Seensa

Boqonnaan kuni wantoota dhala namaa fi uummata waliin walitti dhufeenya qaban, seenaa yaadiddama ji’ogiraafii Uummataa, faayidaa qo’annoo ji’ograafii ummataa, hariiroo inni barnotta biroo waliin qabu, Jijjiirama kopoonantiiwwan ummataa, imaammatoota uummataa fi hariiroo qabeenyaa fi uummata kan uftti hammatuudha.

Kaayyoo

Dhuma boqonnaa kanaatti barattoonni,

  • Hiika ji’oogiraafii ummataa ni kennu
  • faayidaa ji’oogiraafii ummataa ni ibsu
  • Garaagarummaa ji’oogiraafii ummataatii fi diimoogiraafii ni addeessu
  • Ji’oogiraafiin maaliif waa’ee ummataa akka qu’atu ni ibsu
  • Seenaa yaadiddama ji’ograafii ummataa ni xiinxalu
  • Hiika Dimograafii fi Ummataa (Definition of population and Demography)  

Dimogiraafiin jechoota Giriikii ‘Demo’ fi ‘Graphia’jedhamurraa irraa kan ijaarame yoo ta’u hiikni isaas qo’annoo ummataa jechuudha. Kanaafuu, dimogiraafiin waa’ee baay’ina ummataa, qabiyyee ummataa (saala, umrii, haala gaa’elaa, haala hawaas-diinagdee fknf Sanyummaa, amantaa, barnoota, hojii, galii fi qabeenya) akkasumas faca’iinsa ummataa (sadarkaa gandaatti, naannootti, biyyaatti fi addunyaatti), adeemsota jijjiirama ummataa (dhalata, du’a fi baqannaa) ummata namaa (human population) kan qo’atuudha.

Dimogiraafiin handhuura caacculee haala fi jijjiirama hawaasaati. Shoorri dimogiraafiin taphatu hiika amma olitti kenname kanaa oli. Hariiroo cimaas gosoota barnootaa akka qo’annoo hawaasaa (sociology), qo’annoo diinagdee (economics), istaatiksii, seenaa, sayinsii siyaasaa, qo’annoo aadaa (anthropology), saaykolojii, fayyaa hawaasaa (public health) fi saayinsii naannoo wajjiin waan qabuuf hiikni fi daangaan (scope) isaas daran bal’aadha.

Gama birootiin Ummata jechuun wanta sanyii walfakkataa qabu ta’ee iddoo tokkotti walitti qabamee argamu yoo ta’u akka koorsii kanaatti ummata namaa (human populattion) jechuudha.

Ballina Dimogiraafii (Scope)

Akka qorannoon mirkaneessetti dimogiraafiin mata dureewwan armaan gadii of-keessatti hammatee qo’ata. Daangaan (Scope) isaas dhimmoota inni irratti xiyyeefatuun murtaa’a. haaluma kanaan qo’annoon ummataa qabxiilee armaangadii giddugaleeffachuun qorannoo adeemsisa:

  • jijjiirana dimogiraafii fi maatii
  •  adeemsa baqattoota qindeessuu
  • Carraa muudachuu rakkoo fayyaa umriidhaan fkn: yeroo dulluumaa
  • Ummataa fi biyyoota badhaadhan
  • Haala guddisa fi kunuunsa daa’immanii
  • Fayyaa walhormaataa fi ulfa garaa baasuu (abortion)
  • Umrii dullumaa fi diinagdee
  • Amantaa fi amala dimogiraafii
  • Ummata, guddina diinagdee fi naannoo uumamaa
  • Tilmaama ummata fuulduraa (Population projections) iddoodhaan
  • Jijjiirama sonaa fi maatii horachuu/hundeessuu fi kkf

Dabalataanis dimogiraafiin rakkoolee hawaasummaa fi diinagdee adda baasuufi furmaata amansiisaa eruu keessatti iddoo olaanaa qaba. Kanaafuu qorattoonni dimogiraafii karoora hawaasummaa, qo’annaa gabaa, raagaa inshuraansii, xiinxallii gabaa-gatii humnaa, dagaagina diinagdee fi kkf keessatti dhaabiilee dhuunfaa, ummataa fi kkf keessatti sadarkaa adda addaatti qooda fudhachuun gumaacha guddaa godhu. Gama biraatiin ummata jechuun gabaabumatti sanyii wantoota walfakkatoo iddoo tokko jiraatu jechuu yoo ta’u, haala qabatama koorsii kanaatiin ummata jechuun ummata namaa jechuudha.

  • Qo’annan ummataa dame saayinsii hawaasa ta’ee dhimmota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffata:
  1. faca’iinsa namootaa (ummataa) fi faaktaroota faca’iinsa irratti dhiibbaa geessan
  2. akkamitti lakkoofsi ummataa fi heddumminni naannoo naannotti garaa garummaa akka mul’isu
  3. jijjiirama ummataa amala addaa kan ta’e , keessattuu elemantoota murteessitoota kan ta’an dhalaa fi du’a
  4. dabaliinsa ummata addunyaa
  5. garaagarummaa jijjiirama reetii ummataa beekamoo
  6. roga garagaraatti caasaa ummataa , i.e umrii, saala, haala fuudhaa fi heerumaa, xabiyaa maatii fi kkf
  7. baqannaa, sochii fi babal’ina namootaa guutuu lafaatti
  8. fayyummaa ummataa, haala oomishaa, walitti dhufeenya jidduu baay’ina ummataa, qabeenyaa fi guddinaa
  9. dhiibbaa faaktaroota ummataa

Gabaabumatti, qo’annoon ummataa kan irratti xiyyeeffatu ibsa, addeessaa fi xiinxallaa ummata namaa yoo ta’u dhimmootni of-keessatti hammatus akkuma armaan olitti tarreessuuf yaalamee dhimmoota ummataa heddu guyyaa guyyaan jireenya ilmaan namaa qoranii fi naannoo uumamaarrattis dhiibbaa dhaqqabsiisaniidha.

  •  Faayidaa Qo’annoo Ummataa (Importance of studying population)

Akkuma beekkamu qo’annoon ummataa bu’uura murtii dhimma imaammataa fi sochii hawaasaatiif diinagdee fi dhimmoota biroo irratti iddoo olaanaa qaba. Hammaa fi faca’iinsi ummataa ijaarsa manneen barnootaa fi buufata fayyaatiif murteessaadha. Piroojektii reetii guddina ummataa fuul-duraa dalaguu fi tilmaamuuf mootummaan waa’ee diimoogiraafii (ummataa), bulchiinsaa fi tajaajila hawaasummaa sirrii ta’e irratti akka xiyyeeffatuu fi karoorfatuuf fi kkf faaydaa guddaa qaba.

Walumaagalatti waa’ee ummataa qo’achuun sochii hawaasummaa, diinagdee fi siyaasa biyya tokkoo keessatti murteessaa qofa osoo hin ta’in iddoo odeeffannoo fi qaacceesi qo’annoo dhimma ummataa hin jirretti jireenyi biyya takkaa gaafii keessa gala. Sababani isaa misoomani, siyaasani, imaammanni, tarsimooni fi kkf biyyi takka diriirsituu fin ittiin hoogganamuttu odeeffannoo fi qabatama (facts) dhimmoota ummataa kanneenirratti hundaa’a.

  • Seenaa Dagaagina Yaadiddama Ummataa

Fedhiin bu’uuraa dhala namaa kanneen akka nyaataa, uffataa, manaa, bishaanii fi naannoo qulqullina qabu kan guutamu qabeenya fiizikaalaa (physical resources) irraa ti. Kanaafuu guddinnii fi baay’inni uummata naannoo tokkko kan madaalamu qabeenya uumamaa naannochi qabu irratti hundaa’ee ti. Guddinni uummataa fedhii namni qabeenya uumaamaatti fayyadamuuf qabu dabala.

3.3.1. Yadiddama Maaltas

Dhuma jaarraa 18ffaa keessa bara 1798tti hayyuun qo’annoo uummataa irratti yaadaddama bu’uuraa qabu Toomaas Maaltas qorannoo isaa isa jalqabaa ‘Essay on population’ hariiroo uummataa fi qabeenya uumamaa gidduu jirurratti hojjete dhiheessee jira. Maaltes dhiibbaa guddinni uummataa lafa qonnaa irratti qabu qo’ate. Qo’annoo isaa keessatti qabenyi lafa qonnaa muraasni baay’ina uummataa walitti fufiinsaan sababa fedhii saalaa isaa dhaabbaataa ta’een guddatu haala akkamiin walitti firoomsuun akka danda’amu agarsiisuu yaaleera.

Akka yaada Maaltes kaa’etti dandeettiin uummataa callaa qonnaa guddisuuf qabu dandeettii inni wal horuu dhaaf qabu caalaa baay’ee xiqqaa dha. Yaada kana irraa ka’uudhaan yaadiddama isa jalqabaa uumeera. Innis lakkoofsi bay’ina uummataa guddina  ji’oomeetirii tiin (1,2,4,8,16,32,64,128…..) kan guddatu yemmuu ta’u midhaan nyaataa immoo guddina aritimeetikii (1,2,3,4,5,6,7…) kan dabalu dha. Akka yaada Maaltesitti guddinni oomisha midhaan nyaataa guddina lakkoofsa uummataa wajjin walgituu waan hin dandeenyeef uummanni beela, hir’ina nyaataa fi kkf miidhama.

Haata’u malee maaltes fooyya’iinsa teekinooloojiiwwan qonnaa kanneen akka maashinoota qonnaa ammayyaa, itti fayyadamaa xaa’oo sanyii filatamoo fi kkf qo’annoo isaa keessatti yaada keessa hin galchine. Haallan fooyyaan kuniin maaltesiin booda oomishi qonnaa irraa argamu akka guddatu haa gargaaraniyu malee teekinooloojiiwwan kunniin biyyoota guddatan qofa keessaatti hojii irra kan oolan dha. Rakkoowwan hedduun kanneen akka hir’ina midhaan nyaataa, teekinooloojii duubatti hafaa fi kkf biyyoota addunyaa sadarkaa guddina dinagdeetiin duubatti hafan keessatti sababa saffisaan guddina lakkoofsa uummataatiin mudachaa jira. Rakkoowwan kanaaf maaltes furmaata ta’uu danda’a jedhee kan kaa’e maloota ittiin guddina lakkoofsa uummataa xiqqeessan too’annaa pozatiivii fi too’anna ittisoo (preventive check) jedhamuun beekkamu.

Tooftaa Too’annaa Guddina Ummataa Maaltas

Maaltas gosoota too’annaa lamma tilmaame, isaaniis to’annaa posativii fi pireventiivii ti.

  1. Too’annaa ittisoo/pireventiivii: inni kun (moral restraint) jedhamuunis nibeekkama. Tooftaan kun ida’iinsa ummataa karaalee armaan gadiitiin too’achuu hammata:
  2.  gaa’ilaan dhala dhala dhoorkuun
  3.  Gaa’ila tursiisun (late age at marriage)
  4.  Maloota ulfa ittisanitti fayyadamuun (birth controls) fi kkf fayyadamuun dhalata hir’isuudha yoo ta’u,
    1. Too’annaa pozatiivii: inni kun immoo baay’ina ummataa hir’isuuf gochaalee sukkanneessaa fayyadamuun too’achuudha. Asirratti moggaasni maqichaa fi tooftaan ittisuu kanaa kan wal hinsimne ta’uu isaa hubachuu qabna. Isaan keessaa muraasni kan armaan gadiiti:
  5.  Gulantaa mortaalitii akka guddatu gochuu
  6. Dandeetti dhukkuba dandamachuu gadi aanaa taasisuun
  7. Waraarnaafi jeequmsa labsuun
  8. Ajjeechaa daa’imman dubraa (infanticide) fi ulfa baasisuun kkf fayyadamuun lakkofsa ummataa qabeenya uumamaatiin walsimsiisuuf akka barbaachisu yaada dhiheessee ture. Inni kun dheerina umrii xiqqaatiif gumaacha qaba. Kunis gama artimeetikiitiin argamni nyaata ni dabala jedhu.

Yaadni Maaltes gabaabatee yoo dhiyaatu akka armaan gadiitti ibsama:

  • Guddina uummataa à fedhiin nyaataa dabaluu à nyaataa xiqqaa par kaappitaala à duuti (mortality) dabaluu à Hormaanni gadi bu’uu

Chaartii armaan gadii ilaali.

                               Fakkii 3.1. Guddina uummataa fi too’annaa uummataa. 

                       Qeeqa (critics) Maaltas irratti ka’e

  • Yaadni isaa dukkanaa’oodha (pessimist) dha
  • Filannoo biraa hin ilaalle (karaa itti ummatni carraa guddinaa/opportunity) ta’u hin ilaalle)
  • Teeknolojii fayyadamuun oomshtummaa dabaluu akka danda’amu hinyaadne
  • Tooftaa too’annaa ummata filannoo lamaan keessaa inni pozatiivii gochaalee sukkanneessaa fi haamilee namaatti hintolle (immoral) ta’an eeruun isaa mormii cimaan akka isa muudatu taasisee jira.
  • Yaadiddama  Boserup Madaala uummataa fi qabeenyaa irratti

 Ester Boserup nama qor-diinagde (Ikonomistii) biyya Deenmaark yoo ta’an ilaalchi isaanii inni guddaan guddina uummataa irratti muxannoo biyyoota guddataa jiran heddu keessatti akka qorataatti (researcher) hojjetan irratti kan hundaa’ee dha. Akka ilaalcha isaan dagaagsaniitti, uummanni qabeenya isa guddaadha (man is ultimate resource). Uummanni dabalinsa miseensa isaatiif karaa argannoo uumanii ykn sochii diinagdee uummanii babal’isuun deebii kennuu danda’a. Jecha beekamaa (popular) isaan itti fayyadaman “necessity is the mother of innovation” jedhutti fayyadamti. Kana jechuun yoo ummanni baay’ataa deemu namni kalaqa adda addaa uumuun oomishtummaa dabaluu danda’a. ‘Rakkatan malee wayitti hin ba’an’ akka jedhan sani. Ummanni mataan isaa qabeenya waan ta’eef baay’achuun isaa bu’aadha malee miidhaa hin qabu jechuun amanu. Yaadni isaan yoo cuunfamu akka armaan gadii fakkaata:

Guddina uummataa                          Oomishtummaan midhaanii

                                                            dabluuf kalaquu 

                         Oomishtummaa qonnaa dabaluu           

                            Fakkii 3.2. Yaadiddama E. Boserup

  Qeeqa Boserup irratti ka’e

Hanqinoota guguddoo lamatu irratti ka’e, Isaanis;

  1. Garmalee salphifamaa (over simplification)- Akka beekamutti walitti dhufeenyi jidduu jiijiirama uummataa, teknikoota qonnaafi faaktaroonni hawaasummaa fi diinagdee walxaxoodha, modeela kanarratti garuu haalaan salphate.
  2. Garmalee abdataadha/optimistikii dha. Gama hedduun, irra guddaa ilaalcha hariiroo jidduu guddina uumataafi argama midhaan nyaataa irratti dhugaa irratti kan jiru caalee (kaafame)  /exaggerated / dhiyaate

Garaagarummaa ilaalcha Boserup fi maaltas maali?

  • Imaammatoota Ummataa fi Dhimmoota Leeccaloo

             3.4.1. Imaammatoota Ummataa

Imaammanni ummataa waa’ee baay’ina ummataa fi fayyadama qabeenyaa irratti baay’ee barbaachisaa dha. Barbaachisummaa imaammataa ummataa keessaa muraasni:

  • garaagarummaa jidduu saffisa guddina ummataa fi oomisha diinagdee gadi aanaa ta’e cufuuf
  • adeemsota hawaas-diinagdee haala walqabataa ta’een hojirra oolchuuf
  • saffisa baqannaa baadiyaa gara magaalaa hir’isuuf
  • sadarkaa dubartootaa gama hawaas-diinagdeetiin olkaasuuf
  • sadarkaa hawaas-diinagdee garee dargaggootaa, daa’immanii (ijoollee), maanguddootaa fooyyessuuf, kkf

Gosoota Imaammata Ummataa

Imaammatni ummataa bakkeewwan gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis:

  1. Imaammata kallattii
  2. Imaammata Al-Kallattii
  3. Imaammata Kallattii

Gosti imaammata kanaa waa’ee dhimma ummataa irratti dhiibbaa kallattii kan qabuu dha. Kunniinis: sadarkaa dhalataa guddisuu /xiqqeessuu, du’a hir’isuu, waa’ee baqannaa/godaansa biyya keessaa irratti dalaguu.

Imaammatni kallattii kunniin yeroo hunda jijjiirama baay’ina ummataa, caasaa ummataa, fi amaloota ummataa irratti xiyyeeffatan yoo ta’an irra caalaa too’annaa haalota hawaasaa fi diinagdee irratti xiyyeeffatu.

  1. Imaammata Alkallattii

Imaammatni gosa kanaa waa’ee guddina ummataa irratti xiyyeeffata. Kunis baay’inaan waa’ee imaammata diinagdeetiin kan adeemsifamuu dha. Imaammatni ummataa kallattiinis ta’ee alkallattiin waa’ee hir’ina dhalataa kan deeggaru yookiin kan falmatuu dha. Walumaa galatti immaammanni ummataa kamiiyyuu gosoota lamaan armaan gadiitiin ala hin ta’u:

  • Imaammata Piroonaataalistii – imaammata guddina dhalataa deeggaruu dha.
  • Imaammata Antiinaataalistii – imaammata hir’achuu dhalataa deeggaruu dha.

             Gocha:

  1. Imaammata ummataa lamaan gubbaa keessaa imaamatni ummataa biyyoolessaa     

Itoophiyaa yeroo ammaaisa kam deeggara? Maaliif?

 2.  Amaloota imaammata ummataa lamaan armaan olii irratti hiriyoota keessan waliin    

     marii’adhaa.

  • Dhimmoota Leeccaloo fi ummataa

Kutaa kana keessatti waa’ee hariiro leeccaalloo fi ummata gidduu jiru ilaalla

 Hariiroo leeccalloo fi ummata gidduu jiru qo’achuun maaliif barbaachisa?

Qo’annaan hariiroo lamaanii yeroo dhiyoo keessa barbaachisummaa guddaa qaba. Kunis sababa, walitti fufiinsaan guddachuun uumataa addunyaan gama tokkoon iddoo walitti bu’iinsaa ta’uu isaa waan dhugoomsuufi.

Hariiroon kunniins kallatti gara garaatiin ilaallama. Isaanis:

  1. Hariiroo gama yeroo dachaatiin

Yeroo dachaa jechuun wayta hammi uummataa dachaa itti ta’uudha. Walitti dhiyeenyaan yeroon dacha waggoota argaman sana parsantii guddina waggaatiif hiruun argachuun nidanda’ama.  70’n akka seeraatti dhaabataadha (constant) fudhatama.                    

                                                                                      70

  Yeroo dacha (yd) =              saffisa guddinaa%n       

Fakkeenya: uummanni biyya “X” saffisni guddinaa waggaan %2 yoo ta’e, uummanni kun waggaa meeqaan dachaa ta’a?

Yd= 70/SG  Þ  70/%2  Þ 70/2   Þ waggoota 35 booda.     

           SG = saffisa guddinaa jechuu dha.

Hariiroo Gama rukkina uummataa

Faca’iinsaa fi tuucha’inni uummata addunyaa tasumaa wal fakkataa miti. Uummataa facaiinsa leccaaloo waliin wal hin qabatu. Kun kan mul’atu, uummata addunyaa keessaa %25 qofa kan ta’e uummanni biyyoota guddatanii gahee qabeenya addunyaa keessa %85 qabachuun ittiin gammada. Biyyoonni duubatti hafan qabeenya %15 tiin uummata % 75 tajaajilu. Kanaafuu faca’iinsi qabeenya addunyaa haqa-qabeessa miti.      

         To’annaa Elemantoota Hariiroo

Argamni madaalama dhabuu gidduu uummataafi leccaaloo faaktaroota hedduun dhiibbaa qaba. Isaan Keessaa:

  1.  Seenaa qabannaa (occupancy)
  2. Barannaa guddina uummataa (population growth trend)
  3. Hanqinoota leccaaloo (deficiency of resources)
  4. uummanni saffisa guddaan dabaluu (High Rate Population growth)
  5. Haala Gurmaa’iina hawaasummaa (Nature of social structure)
  6. Gulantaa fooyya’ina teknoolojii
  7. Xabiyaa sirna faca’iinsaa
  8. Imaammata hawaasaa

Hariiroon gidduu dhlala namaafi dandeettii baachuu lafaa (qabeenyaa)karaa beekkamoo armaan gadiitiin ilaaluufi ibsuun nidanda’ama.

Yaada rimee uummata Madaalawaa (Optimum population)

Odeeffannaa dhugaatiin, uummanni madaalawaa/optimamii kan mul’isu hariiroon uummataafi leccaaloo walmadaalaa ta’uudha. Kun kan mul’isu uummanni naannoo sanaa leecaaloo isaanii sadarkaa guddaan guddisuu akka danda’u uummanni bu’aa guddaa irraa argachuun carraa jireenya gaarii dhandhamachuu guddaa qabaachuu guddaa kan mul’isuudha.kanaafuu hariiroon lamaanwalmadaalaadha.

    DB=BU  à Dadeettiin baachuu baayina uummataatiin walmadaalaadha.

      GDP Par kaapitaal              Optimum population

           Under pop                                                                    over popn

                                                     Uummata guutuu

            Fakk.3.3 Karvii Uummataa GDP par kaappitaaliifi uummata guutuu.

             Safartoonni uummata optimami maali?

Jechummaan gahaa/optimam jedhuyyuu yaada birqabaati. Safarriin isaa gama qulqullina jireenyaatiin hammi uummataa yoo giddu galeessa ta’e qulqullinni jiru guddaadha. Inni kun gama:

  • namni hunduu hojii qabaachuun
  • dheerina umrii fi fayyaa gaariin
  • beekkumsaa fi aadaan
  • waliin jireenya hawasaan (kaka’umsa)
  • tasgabbina maatii

Jecha birootiin uummata gahaan (optimam) jechuun isa galii par-kaappitaalaa guddaa kan argatan, oomishtummaa waliigalaa oomishtummaa giddu galaa kan caaluu fi kan saffisni guddina oomishtummaa guutuu guddaa itti ta’eedha

Yaada rimee uummata humnaa olii (Over population)

    Yeroo dandeettiin baachuu nannoo lafaa uummataan caalame, naannoonsun uummata humnaa olii (over population) jedhama. Kunis sababa naannoo uummata guddaa qabaachuu galii leecaaloo isaan mijaa’inaan ittiin gargaaraman caala.

       Akkuma beekamutti, uummata humnaa olii kan jedhamu wayta guddinni leccaaloo naannoo saanaa guddina uummataatiin walgituu dadhabu, ykn dandeettiin baachuu (carrying capacity) lafa sanaa uummataan caalamuudha.

Haala isaa irratti hundaa’uun ummata humnaa olii iddoo lamaatti qooduun nidanda’ama. Isaanis:

  • Uummata guutuun guututti humnaa ol ta’e (absolute over population)
  • Uummata birqabaan humnaa ol ta’e (Relative over population)        

Uummata guutuun guututti humnaa ol ta’e:

Inni kun sadarkaan jireenya gadi’aanaa keessatti kan hafeedha, erga guddinni leccaaloo hanga xiqqoo fooyya’iini yoo mul’ates,

Uummata birqabaan guddaa ta’e:

 Inni kun yoo sadarkaan oomishaa uummataan kan walsimuu danda’u garuu oomishtummaan gara fuulduraa guddatu mul’ata. Uummanni Birqabaan guddaa uummata guutuun guututti humna ol ta’e (AOP) nicaala. Ramaddiin Birqabaa (ROP) kan mul’atu sababa hanqina teknoolojiitiini. Akkuma teknoolojiin fooyaa’uun reshoon uummataafi leccaaloo gara wal madaalaa (equilibrium) jijjiiramuu danda’a.

Naannoo keessan iddoo ummanni humnaa olii jiraa? Mee tarreessaa. Maaliif humnaa oli ta’e? Ibsaa.

   Oddooloota uummata humnaa olii argachuun beekkamaa miti. Haata’umalee, oddoolli Jaavaa (Indoonishiyaa) fakkeenya guddaa uummata humnaa olii naannooti (Regional over population).

Akkasumas naannoo Uttar Pradesh fi Bihar Hindiin kessatti garee naannoon humnaa ol (Regional over popn) jedhamaniiti.

  • Uummanni humnaa olii kun yoo baadiyaa ta’e, uummata humnaa olii Baadiyaa (Rural over population) yoo jedhamu kanneen naannoo Industrii ta’e ammo uummata humnaa olii industirii (Industrial over Population) jedhama.
  • Uummanni humnaa olii naannoo (Reginal over Population) irratti hundaa’uun haayyoonni hedduun faaktaroota humnaa olii yaada heddu kaasu. Yeroo ammaa kana deeggartoonni Malthas (neo-melthusians) uummanni humnaa olii rakkoo uummataa kan fiduudha jedhu. Kunis tariitii guddinni uummataa qabeenya leecaaloo jiranii caalu danda’a. Sababi dhumaatii leccaalootii fi uummanni dabaluudha.

Markisistoonni, garuu, ilaalchi uummata humnaa olii bu’aa faca’iinsa sirrii hin ta’inii fi guddina gadi’aanaa leecaaloo ti malee baay’inni uummataa mataa isaatiin rakkoo miti jedhu.

Akkuma waliigalaatti, faaktariin kunniin akkuma tuucha’inaafi ta’eewwaniitiin garaagarummaa qabu. Kunis:

  1. Uummanni humnaa olii baadiyatti (ROP) tariitii sababii:
  2. Saffisa dabala uumamaa ummata baadiyaa (rapid natural increase)
  3. Walfakkenyaa facaiinsa dhabuu lafa qonnaa
  4. Dhabamuu Mekaanaayizeeshinii qonnaa
  5. Guddinnaa gadi aanaa garee qonnaan alaa (non-agriculture) baadiyatti
  6. Gulantaa gadi aanaa oomishtummaa qonnaafi
  7. Waraqaa raga dhabuu sektara qonnaa (non-resilience)
  •    Uummanni humnaa olii Industirii tarii sababii:

  Fooyyaina teknoolojii hojjettoota gahuu dhabuu ykn oomishtummaan xiqqaachuu

  • Gadi bu’iinsa oomisha Industirii ykn Industirii keessaa

Rakkooleen uummata humnaa oli

  • Hoji dhabdummaa guddaa (high unemployment)
  • galii gadi aanaa
  • sadarkaa jireenyaa gadi aanaa
  • Hanqina nyaataafi beela.

 Yaada Rimee uummata humnaa gadii (under population)

Uummanni humnaa gadii naannoo hammi uummataa baayyee xiqqaa (too few) ta’etti dandeettii diinagdee naannoon qabu guutummaan guddisuu hin dandeenyeedha. As jalatti, uummanni baayyee xiqqaa qabeenya jiru guutuun itti fayyadamuu irratti: uummata humnaa gadii haala irratti hundaa’uun iddoo lamatti qooduu ni dandeenya.

  • Uummata guutummaan humnaa gadii (absolute under population)
  •   uummataa   Birqabaan humnaa gadii (Relative under population)

Biyyoonni sooressa akka Kaanaadaa, Awustiraaliyaa kkf birqabaan ummatni isaanii human diinagdeetii gadi yoota’an gama birootiin gara duubatti hafummaatiins naannolee horsiisee bulaafi naannoo gar-tokkee gammoojjiitti naannoo duubatti hafaa (remote) Saaybeeriyaa fi Sahaaraa uummata humnaa gadi isaan qabaniidha.

Yaada Rimee fi haala dureewwan Dagaagina Dhaabbataa/ittifufaa

 Dagaaginni dhaabbataan (sustainable development) jechuun guddina fedha ufii kan yeeroo ammaa guuttachu, dhaloota fuulduraa akka hin miinetti qabeenya jiru seeraan itti fayyadamuu jechuudha. Kunis qabeenya amma jiran, qisaasa’inna leccaaloo gadi hirrisuufi leccaaloo of hinhaarawoomsinerratti to’annaa gochuun fayyadamuu ilaala.

Yaada rimeen guddina walitti fufaa kan ofitti hammata        

  1. Hiyyeessa fayyadamaa waan taasisuuf naannoo ofii balleessuu irraa akka ofqusatu taasisa
  2. Ilaalcha guddina ofitti amanamaa ta’ee qabeenya uumamaa hinmiine nama gonfachiisa.
  3. Ilaalcha guddina bu’a qabeessa (cost effective) ulaagaa diinagdaawaatiin adda baasan. Kana jechuun guddina miidhama naannoo fi hirina oomishtummaa yeroo dheeraa hingeessu.
  4. Xiyyeeffannaan guddaan too’annaa fayyaa, teeknoolojii sirna qabeessa, nyaataan of-   danda’uu, bishaan qulqulluu fi iddoo jireenyaa hundaaf kan oolu f kkf fa’i.

Boqonnaa Afur

Aadaa fi Hawaasa (Culture and Society)

          Seensa

Ji’oograafiin aadaa damee ji’oograafii hawaasaa ta’ee kan hariiroo dhaabbilee hawaasummaa dhala namaa fi naannoo fiizikaalaa jidduu jiru qo’atuudha. Akkasumas qoodama xiqqaa ji’oogiraafii hawaasaa ta’ee elementootaa aadaa dhala namaa fi hariiroo isaan naannoo murtaa’aa tokko waliin qaban irratti kan xiyyeeffatuu dha.

Dameen ji’oograafii hawaasaa kun barbaachisummaa guddaa kan qabuu fi haayyoota durii kanneen akka Heroodootaasii fi Istiraaboo irraa eegalee xiyyeeffannaa kan argateedha.

Koorsiin kun kan xiyyeeffatu walitti qabaa muuxannoo dhala namaa fi gahee dhalli namaa fuula lafaa jijjiiruu keessatti qabu irratti dha.

Wantootni gurguddoon dhala namaa bineeldota kan biroo irraa adda godhan maal fa’i?

Uumama lubbu-qabeessa hundaa keessaa, dhalli namaa sanyii isa beekaa fi itti yaaduun waan gaariidhaafis ta’e gadheef (yaraaf) naannoo fiizikaalaa isaa jijjiiruuf gahee olaanaa qabuudha. Dhalli namaa akka bineeldaatti kana gochuuf hidhannoo fiizikaalaa gahaa ta’e yooma hin hidhannellee dandeettii isaatiin guutummaa lafaa, ardii Antrkitiikaallee dabalatee, keessa bahuufi qabachuu danda’eera. Yeroo waliin dabalaa adeemuu qulqullina dhabbilee hawaasaa fi tooftaalee haaraa argamanitti madaquudhaan oomisha gaggeessuun dhalli namaa lakkoofsaan akka dabalu taasiseera.

Kaayyoolee gooroo:

Xumura boqonnaa kanaatti barattoonni:

  • Yaadawwan bu’uuraa ijoo ji’oogiraafii aadaa ni beeku (baru).
  • Hiikaa fi bal’ina ji’oograafii aadaa ni hubatu.
  • Hubannoo waa’ee Caacculee aadaa ni argatu
  • Jijjiirama aadaa fi hawaasaa nidinqisiifatu
  • Hiika Aadaa fi Hawaasaa (Definition of culture  and society)   

Aadaa Jechuun Maal Jechuu dha? Hawaasni hoo maali? gareen irratti marii’adhaa!

Jecha aadaa jedhu hiikuun baay’ee rakkisaadha. Bara 1952 Antiropolojistoonni Ameerikaa Kirobar fi Kilukhohin waa’ee aadaa gadi fageenyaan akka xiinxallii adeemsisanitti aadaan hiikota adda addaa 164 ol akka qabu mirkaneeffatanii jiru. Haaluma walfakkaatuun Apte (1994:2001) yaadumma qorattoota kanaa akkas jechuun Insaaykilopidiyaa qorannoo afaanii keessatti barreessuun cimse ‘Despite a century of efforts to define culture adequately, there was in the early 1990’s no agreement among anthropologists regarding its nature.’ Yaadni isaas carraaqqii aadaa hiikoof yeroo dheeraaf godhamaa ture hanga xumura jaarraa 20ffaatti waliigaltee irraa akka hin gahamin ibsa. Ammas rakkoon kun akka itti fufee jiru qorattoonni nimirkaneessu. Kana jechuun aadaan hiika hin qabu jechuu miti garuu hiika tokkoon ykn muraasaan hiikuun rakkisaadha jechuudha maalee.

Aadaan karaa adda addaa hiikamuu danda’a. Haata’u malee as keessatti, aadaan cuunfaa  muuxannoo dhala namaati. Dhalli namaa aadaa qabaachuun isaa lubbu-qabeeyyii biroo irraa adda kan baasu qofa osoo hintaane uumama biroo irraa illee adda isa godha. Aadaan walitti qabaa yaad-qalbii dhala namaan baratamee (learned) ta’uudhaanis hiikamuu ni danda’a. Inni kunis amala yookiin yaad-qalbii nama waliin dhalatu (inborn) osoo hindabalatinii dha. Akkasumas aadaan karaalee  jireenya ittiin wal irraa qooddatanis ta’uudhaan ni hiikama. Haayyonni xin-hawaasaa (sociologists) aadaa kan hiikan sona/ad-xiiqii, barsiifata, amantaa, yaad-qalbii fi meeshaalee dhalli namaa jireenya isaa keessatti dhimma itti bahuu akka of-keessatti dabalatuttii dha.

Aadaan wanta nuti yaadnu, akkamitti akkaa raawwii taasifnu yookiin jiraannu fi wanta nuti qabnu of-keessatti haammata. Akkasumas, dhaala hawaasummaa keenyaa waan ta’eef, aadaan riqicha wantoota darbaniin (duriitiin) wal-qunnamsiisuu fi kan fuul-duraatiif daandii qajeelchu ykn agarsiisuudha. Caaculleen baratamaan kun haala jireenya gareen uummataa waliin qooddatan uuma. Wal-fakkeenyi wantoota baratamanii karaa dubbii (haasaa), yaad-qalbii(amalaa), ilaalcha, haala jireenyaa, haala teeknooloojii, sirna sonaa/ad-xiiqii (value system) fi jireenya hawaasummaa uummataa cimsee walitti hidha.

Aadaan sirna quunnamtii barsiifata dhaalamanii (baratamanii), yaadannoowwanii, hubannoowwan, wantoota durii fi ilaalchawwan yaad-qalbii namaa waliin dhalatan cimsuu fi dabarsuuf tajaajilan of-keessatti qabata.

Gama birootiin hawaasa (society) jechuun akkuma namni kamiiyyuu hubachuu danda’u sirna hariiroo namaati (man). Nama fi hawaasni qaama (unit) tokko. Akka hayyuu Acharya Shiree Mahaprajna tti Namni qaama/elementii hawaasati, jireenya fi nageenya namaatiif hawaasni murteessaadha akkasumas, nama malee hawaasni jiraachuu hin danda’u. Kana jechuun namaa fi hawaasni copha bishaanii fi galaanaan fakkeeffamu.

Haaluma walfakkatuun, Kitaaba ‘Sociology of India’, jedhu keessatti akkas jechuun barrayee jira, hawaasni sirna itti namoonni dalagaa isaanii itti xumuratanii fi sirnichis jireenya namootaa keessa yeroo dheeraadhaaf tura. Kana jechuun namootni ni du’u isaan haaraanis nidhalatu garuu hawaasni miseensonni isaa jijjiramanis ittuma fufa. Kanaafuu, namaa fi hawaasni hariiro cimaa kan qabanii fi tokko isa biroo malee jiraachuu kan hin dandeenyee yoo ta’u, aadaan immo uumama keessaa qabeenya guddaa ilmaan namaa fi kan hawaasni jiruu isaa ittiin dhimma bahuudha. 

Gocha barataa: 1. Barattoota mee amma immoo waajjira aadaa fi tuurizimii aanaa/godina keessanii deemuun waa’ee aadaa, safuu, duudhaa hawaasa naannoo keessanii ogeessa gaafachuun ibsa bal’aadhaan dareef gabaasaa. 

2. Itti dabalaatii waa’ee sirna gadaa gosoota aadaa fuudhaa heeruma, aadaa gumaa, haala itti rifeensa dhahatan/miidhagfatan, faayota fi uffata aadaa maanguddoota/jaarsota naannoo keessanii gaafachuun ibsa gahaa wajjiin barreessaa dareef gabaasaa.

  •  Daangaa Qo’annoo Aadaa fi Hawaasa (Scope of the study of Culture and society)

  Kutaa kana keessatti yaad-rimeen aadaa akka walitti qabaa muuxannoo dhala namaa isa yeroo dheeraa keessatti  horatame ta’uu isaatiifi dhiibbaa inni naannoo uumamaa irratti qabuu fi hariiroo galagaltoo isaatu ilaalama. Aadaa jecha jedhu haala gaariin kan ibsu tuuta yaad-qalbii dhala namaan baratamee yaad jedhuu dha. Kunis yaad-qalbii namaa wajjin dhalatu (instinctive or inborn behavior) kan hin dabalannee dha. Wantoonni barataman kun haala jireenyaa gareen hawaasaa waliin qaban ykn qooddatan uuma. Barsiifannaan wal-fakkaataan kan akka qooqaa, amalaa (yaad-qalbii), ilaalchaa, haala jireenyaa, teeknooloojii, sirna ad-xiiqii, fi hawaasummaa ummataa walitti firoomsa. Aadaan kanneen akka sirna quunnamtii, barsiifata fudhatamee (argamee), yaadannoowwanii, fudhannawwanii, wantoota durii, fi ilaalchawwanii warreen yaad-qalbii miti-baratamee (instinctive behavior) cimsanii fi dabarsan of-keessatti hammata.

Ji’oogiraafiin aadaa gosa barnootaa addaddummaa gareewwan aadaa garagaraa jidduu jiruu fi barbaachisummaa hawaasummaa iddoowwaniin wal-qabsiisee qo’atuudha. Wantoota  aadaa kanneen akka afaanii (qooqaa), amantaa, dinagdee, bulchiinsaa fi kanneen bakka tokko bakka birootti garaagara ykn wal-fakkaatoo ta’an ibsuu fi qaaccessuu irratti xiyyeeffata.

Akkasumas akkaataa dhalli namaa bakkaa bakkatti raawwii adda addaa godhus ni ibsa. Dimshaashumatti, ji’oogiraafiin aadaa garaagarummaa aadaa dhala namaa kan beekuu dha (hubatuudha). Ibsa addaddummaa aadaa bakki tokko bakka biroorraa qabu barbaaduu keessatti, namni kamuu qabattoota sababaa ykn ka’umsaa bal’inaan jiran ilaalcha keessa galchuu qaba. Isaan kana keessaa muraasni, naannoo fiizikaalaa kanneen akka teessuma lafaa, qilleensa baramaa, biqiloota uumamaa, bineeldotaa fi garaagarummaa biyyee fi faca’iinsa qaama dachee fi bishaanii ti.

Aadaan naannoo fiizikaalaa irraa addaan bahee hubatamuu (ilaalamuu) hin danda’u. Sababa kanaafis ji’oograafiin, aadaa kallattii argamaa qofaan dhiheessa osoo hin ta’in ikooloojii illee ni dabalata. Amala addaa ji’oogiraafiin  qabu keessaa tokko dhagaa tarkaanfii (riqicha) saayinsii hawaasaa fi saayinsii lafaa wal-qabsiisu ta’uu isaati. Kunis kan ta’eef namoota bakka jireenyaa isaaniitti qo’achuufiidha.

Ji’oogiraafiin wantoota aadaatiif ibsi inni kennu salphaatti kan ilaalamu miti. Sababiin isaa humnoota sababaa baay’ee wal-xaxoo ta’antu hojjiira jira wal qabatanii argamu. Amala wal-xaxummaa humnoota kanneen aadaa irratti dhiibbaa qabanii fakkeenya ji’oogiraafii qonnaa tokko fudhachuun ibsuun nidanda’ama. Innis faca’iinsa qonna qamadii addunyaa ti. Fakkeenyaaf, qonnaa qamadii bu’a qabeessi Awustiraaliyaa keessa kan jiru yoommuu ta’u Afriikaa keessa ammoo hin jiru, gamtaa mootummoota Ameeriikaa keessatti gaarii yoommuu ta’u Biraaziil keessa hin jiru, Chaayinaa keessaa jira garuu kibba baha Eeshiyaa keessa hin jiru. Maaliif addaddummaan faca’iinsaa jiraate? Gama tokkoon kun ta’uu kan danda’e wantoota fiizikaalaa kanneen akka qilleensa baramaa, teessuma lafaa fi biyyeetiin.

Naannooleen tokko tokko yeroo hunda baay’ee gogaa, naannoo biroon ammoo baay’ee fududdee kan qabu ykn borqii kan ta’eedha. Kanaaf, qonnaa qamadii fi qilleensa baramaa dagalee giddu galeessaa akkasumas teessuma lafa diriiraa fi biyyee gaarii jidduu hariiroo cimaatu jira.

Ammallee, barbaachisummaa murteessaan wantoota fiizikaalaa kana irratti gatamuu (hirkachuu) hin qabu. Uummatni jallisiidhaan dhiibbaa qilleensa baramaa, faayidaa manaa ykn dagaagina haaraa sanyii qamadii geeddaruu ni danda’u waan ta’eef. Akkasumas illee katara (check dam) hojjechuun lafa ol-ka’aa fi biyyee borqii xaa’oo itti gochuun xaa’oomsuun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf, qamadiin kan jiraachuu qabu aadaa fi naannoo fiizikaalaa keessatti. Haalli qonnaa xaabiyoota lafaa fi qilleensa baramaa qofaadhaan ibsamuu hin qabu. Sababiin isaa wantoonni baay’een haala qonnaa murteessan ni jiru. Wantoota baay’ee faca’iinsa qamadii addunyaa irratti wal-xaxaa godhan keessaa muraasni dhandhama, fedhii fi amaleeffannaa uummataa ti. Nyaata filaachuu fi safuun ykn dudhaan kanneen yeroo baay’ee amantiidhaan utubaman akaakuu midhaan facafamu irratti dhiibbaa cimaa godhu.

Gama birootiin qonni qamadii ashuura kaffalamuunis jajjabeeffamuu ykn laafuus ni danda’a. Fakkeenyaaf Oomishtoota qamadii Jarmanii fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa oomisha qamadii irratti dorgoommii oomishaa gahumsa olaanaa qabu kan qaban kan akka Ameeriikaa Kaabaa fi Kaanaadaa irraa ittisuun jajjabeessuun ni danda’ama. Itti dabalataan, qonni qamadii aannan oomishuu ykn horii foonii furdisuu irra caalaa bu’aan isaa baay’ee xiqqaa dha.

Egaan faca’iinsi elementoota aadaa hundi, faca’iinsa qamadii qofaa osoo hin taane, bu’aa walitti dhufeenya dhaabbataa qabattoota sababa gargaraa ti.

          Amaloota ijoo Aadaa.

  1. Aadaan Hundinuu wanta Addaa isa taasiisu (unique) niqaba. Wantootnii Garaagarumaa aadaawwaan gidu jiru agarsisan:

Garaagaruma gama wantoota addunyaawa ta’an kan akka afaan (qoofa), amantii, dinagdee, seera fi teeknooloojii wantoota addunyaawa ta’an kanarraa kan ka’e ijaarsii gamoowwaanii, ufaatni, haalii oomishaa fi geejjiiba mi’oota, akkaataan dubbaachuu fi muuziqaan taphatamu aadaawwaan gidduttii garaagarumammaa qaba.  Kanuma walliin, aadaan hundiinu nyaata beekkama kan isaa qofa ta’e yoo xiqqaate tokkoo ni qaba.

  • Aadaawwaan wanta waliin qabaatan nijira

Wantoonii aadaa hunda keessaattii argaman haala armaan gadiitiin ni tarraa’u:

  • Namootanii garee maatiin jiraatu.
    • Maatiin seena qabeessa dhaa.
    • Amantii fi Qooqnii qaamoolee beekkamoo aadaa hundaati.
    • Aadaa hunda keessaattii ijoollee kunuunsuun ni jira. Eegumsi fi kunuunsa keessaa barnoota akka argatan gochuu fi aadaa maatii isaanii akka baran ni godhama.
    • Mootiin, seerri fi akkaataan seerrii hojii irraa ittiin ooluu aadaa hunda keessaa ni jira.
    • Aadaan kamiiyyuu siirna sochii diingdee ni qaba.
    • Aadaan kamiiyyuu teeknoolojii niqaba.  Aaadaa teeknoolojii kana keessaattii kan argaman meeshaalee fi tooftaalee qabeenyaa uumamaa guddiisuu fi oomishaa mi’ootaaf oolaani dha.
    • Aadaan sadrkaa bilchinaa gara garaatiin of-ibsa.
    • Aadaan adeemsota baayolojikaalaa irratti dhiibbaa geessisuu nidanda’a.
    • Aadaan kan baratamuudha
  •  Aadaan ni jijjiirama

          Jijjiiramnii aadaa saffisan ykn suuta ta’u ni danda’a.  Sababnii jijjiirama aadaa:

  • Yeroo baay’ee dargaggoonni wanta maatii isaanirraa darbeef fudhaachuu dhiisu, kanaafu, aadaa turee foyyeesu ykn wanta haara ittii dabaluu ni danda’u.
    • argamu beekumsa haara fi uumamu wanta haara (new inventions)
    • Walittii dhufeenyaa aadaawwan gidduu jiru fkn waliin daldaluun wal-jijjiira mi’aa fi yaada (idea) of keessaa qaba.  Ofitti fuchuu (adaptation) mi’oota fi gochaalee (practice) aadaawwaan biroo eergiifachuu aadaa (cultural borrowing) jedhama.

Eergiifachuun aadaa haala jireenyaa duraan turee irrattii foyyaa’iinsa nifida kanuma walliin, beekkumsii haaraan akka burquu ni taasiisa.

  • Aadaawwaan Gidduu wal-qabachuun ni jira ( cultures are patterned)

Jijjiiramnii aadaa tokkoo keessaattii mula’ate aadaa isaa biroo iraattii dhiibbaa ni qaba.

Fakkii 4.1 sadarkaalee sammuun namaa itti qindaa’e

  • Caacculee Aadaa (Component of Culture)  

Aadaan yooma uummata addunyaa mara (hunda) keessatti jiraate illee karaa baay’een garaagarummaa qaba. Aadaan uummata addunyaa kamiiyyuu  caaculleewwan (elementoota) shan irratti kan ijaaramanii dha. Isaanis:

  • Bakka bu’oota (symbols),
  • Afaan (qooqa),
  • sona (values),
  • Duudhaa ykn safuu, fi
  • Qoqqobbii(Sanction)
  • Meeshaalee (material objects) dha.

Waa’ee aadaa gad-fageenyaan hubachuuf, yaadotaa (thoughts) fi wantoota (things) gargar baasuun baay’ee bu’a qabeessa dha.

Aadaan miti-meeshaa (non-material) yaadawwan addunyaa harkaan hin qaqqabatamne miseensa hawaasaa baay’ee bal’aadhaan uumameedha. Ballinni kunis namaaf jiraachuu (altruism) dhaa hanga amala addaa agarsiisuutti (zen) kan ta’eedha.

Aadaan meeshaalee (material culture) ammoo, gama biroon, wantoota harkaan qaqqabataman ta’ee kan miseensota hawaasaatiin tolfamanii dha. As keessattis garaagarummaa isaa baay’ee bal’aa kan ta’eedha. Ballinni kunis meeshaa waraanaa sasalphaadhaa (armaments) hanga xiyyaara waraanaa ammayyaatti dha.

Aadaan wantoota hojjennu kan sirreessu qofa osoo hin taane sansakka namummaa keenyaas tolchuuf ni gargaara. Sansakkaan namummaa isa nuti yeroo baay’ee “human nature” jennee ibsinu garu sirrii kan hin taanee dha.

Egaan, ji’oogiraafiin aadaa qo’annoo waa’ee addaddummaa gareewwan aadaa fi haala itti fayyadama hawaasaa fuula lafaa irrattii ti. Dameen ji’oogiraafii hawaasaa kun haala qooqni, amantiin, dinagdeen, mootummaan (bulchiinsi), fi waantoonni aadaa kan biroo bakkaa bakkatti garaagara ykn tokko (wal-fakkaataa) ta’an irratti xiyyeeffachuun ibsuun (adeessuun) qaaccessa. Akkasumas dhalli namaa akkamiin fuula lafaa irratti akka dalagu ykn raawwii taasisu ni ibsa. Ji’oogiraafiin aadaa addaddummaa dhala namaa kan kabajuu ykn beekamtii kan kennuufii dha.

  • Ijoowwan Dubbii Bu’uuraa Ji’oogiraafii Aadaa (Basic Themes in Cultural Geography)                 

Yaad-rimeewwan ji’oogiraafiikaalaa ykn ijoowwan dubbii ji’oogiraafii aadaa jedhaman lakkoofsaan shaniidha.  Isaanis:

  1. Naannoo aadaa (Cultural Landscape)
  2. Tamsa’ina aadaa (Cultural Diffusion)
  3. Xin qeeyya aadaa (Cultural Ecology)
  4. Tokkumaa’uu ykn wal-makiinsa aadaa (Cultural Integration) fi

     Gaafilee armaan gadii dura dhuunfaan itti aanuun gareen marii’adha deebisaa

  • Bakkeewwan maalii fi akkamiin wal-fakkaatu yookiin addaan bahu?
  • Jiraattoonni bakkeewwan keessa jiraatan haala akkamiitiin hubatu ykn fudhatu?
  • Jiraattoonni bakkeewwan keessa jiraataniin akkamiin adda bahu ykn qoodamu?
  1.  Naannoo Aadaa (cultural landscape)

Naannoo jechuun jecha gareessuu (grouping) bakkeewwan wal-fakkaataniif dhimma itti bahamu ykn bakkeewwan kenniinsa tajaajila isaaniin qoodamuun (gamtoomuun) yuunitii tokko uumaniidha. Kanaafuu naannoo aadaa jechuun yuunitii ji’oogiraafikaalaa xaabiyootaa fi dhimmoota aadaa irratti hundaa’ee dha.

Addunyaa naannoolee aadaattiin yaammuu qoqoodnu wantootnii hubanoo barbaadan afur ni jiru.

a,  Ulagaalee naannoo aadaa ittiin addaa baafnu. Yeroo mara naannoo aadaa tokkoo kan fudhaanuu guutama isaa fi haala seena qabeessan guddachaa akka dhufeetti.

b,  Yeroo murteessuu (Date line) aadaan yeroodha gara yeroottii  jijjiirama niagarsiisa. Daangaan isaa bal’aachu ykn dhiphaachuu ni danda’a.

c,  Bal’iina Qo’aana (scale of study)  Guutuu lafaa dimshaashaan waan ilaaluuf, hangaa danda’amettii, sadarkaan qo’aana keenyaa bal’aa tau hin qabu.  Adeemsa kana keessaattii, waan hunda gadii fageenyaan qo’aachuu fi irraa darbu dhimmoota murteesa ta’an irra biliisa ta’u qabna.  Wantii ta’u qabu naannoolee aadaa ilaalchiise dhimmootnii dhiyaachuu qaban hiikaa qabeesaa fii haal salphaa ta’een   dhiyaachuu qabu.

d,  Daanga Naannoo Aadaa – Aadaawwaan gidduu  walittii dhufeenyaaf:  wal-irraa eergiifachuun waan jiruuf, daangeesu irratti of eeggannoo gochuu barbaada.

 Ji’oogiraafaroonni aadaa naannoolee tajaajila kennan akkaakuu sadii addaan

     baasaniiru. Isaanis:

              i. Naannoo foormaalii (formal Region)

              ii. Naannoo tajaajilaa (Functional Region) fi

              iii. Naannoo afaanii ykn vernaakulaaraa (Vernacular) ti.

Naannoo aadaa formaalii – Naannoo foormaalii jechuun bakka wal-fakkaataa uummattoonni cacullee aadaa tokko ykn isaa olii waliin qaban ykn qooddatan irraa jiraatanii dha. Naannoon aadaa kamiyyuu kan irratti hundaa’u qooqa, amantii, dinagdee, dhaabbilee hawaasaa fi akkaakuu mana jireenyaati. Naannoon aadaa tokko faca’iinsa elementoota aadaa shanan calaqqisiisa. Bakkeewwan elementootni aadaa shanan keessatti faca’anii argaman kamiyyuu qaama naannoo aadaa ti.

Naannoo aadaa tajaajilaa (faankishinaalaa) – Naannoo tajaajilaa jechuun bakka murta’aa tajaajila hawaasummaa, siyaasaa ykn dinagdee kennuuf qindaa’ee dha. Naannoon kun aadaa dhaan homoojinaasii (tokko) ta’uun isaa dirqama miti. Magaalonni, biyyi bilisummaa ykn birmadummaa qabdu, naannoon daldalaa tokko, bakki qonnaa fi kkfn fakkeenyoota naannoo faankishinaalaa ti. Naannoo faankishinaalaa nodii ykn birkii ykn tuqaalee walakkeessaa bakka tajaajiloonni itti qindoomanii fi qajeelfaman ni qabu. Naannooleen faankishinaalaa (tajaajilaa) walitti firooma (Configurations) walakkeessaa fi qarqaraas ni qabu.

Naannooleen aadaa faankishinaalaa akka waliigalaatti naannoolee aadaa foormaalii waliin kan walirra oolan (bu’an) miti. Kanaafuu, walirra ooluu dhiisuun isaanii kun yeroo baay’ee naannoolee faankishinaalaa irratti rakkoo uumu qaba. Fakkeenya biyya Jarmanii haa fudhannu. Jarmaniin biyya birmadummaa qabdu ta’uun naannoo aadaa faankishinaalaa uumti. Afaan tokkummaa siyaasaatiif bu’uura murteessaa dha. Yooma naannoon aadaa foormaalii afaan Jarmanii daangaa siyaasaa biyya Jarmanii ta’e illee afaanichi sana irra darbee biyyoota of-danda’oo (birmadummaa qaban) kan akka Faransaayii, Xaaliyaanii, Awustiriyaa, Siwiizarlaandii, Hangarii, Luukseembargii, Rippuubiliika Cheekii fi Poolaandii of-keessatti haammata (keessatti dubbatama).

Naannoo aadaa varnaakulaaraa-Naannoon aadaa varnaakulaaraa, naannoo jiraachuun isaa jiraattoota isaatiin ykn hawaasa keessa jiraataniin ragaalee fudhatama bal’aa qabanii fi maqaa adda naannichaa fayyadamuun fudhatameedha.

Namni naannoo aadaa foormalii addaan baasu kamiyyuu daangaa aadaa agarsiisuu qaba. Yooma kaartaan elementii (amala) aadaa tokko qofaa kaafame illee, daangaan kun baay’ee addaan bahee beekamuun isaa hanganatti miti. Sababiin isaa ammoo aadaan waan wal-makuufi wal-irra bu’uufiidha. Sababuma aadaan wal-irra bu’uu (ooluu) fi wal-makuuf, sarara daangaa aadaa irra caalaa qagqara daangaa godinootaatu hubatama.

  •  Tamsa’ina aadaa (Cultural Diffusion)

Yaadawwan yeroo fi bakkeewwan adda addaatti maddu. Yaadawwan yeroo fi bakkeewwan adda addaatti maddan kunneen yeroo durii dhiibbaa teessuma lafaatii fi qileensa baramaatiin kallattii adda addaa irra faca’u. Yeroo ammayyaa kana keessatti garuu daangaaleen fiziikaalaa faca’iinsa yaadaa fi argannoowwanii irratti dhiibbaan isaan qaban hangas mara kan jajamu miti. Haata’uutii garuu humnootni adda addaa faca’iinsa yaadaa fi argannoowwanii dangeessan nijiru. Seenaa keessatti dhalli namaa iddoo tokkotti hidhamee ta’ee hin beeku.

Aadaan addnyaa walitti makama walirraa hincinneef quunnamtii uummataa keessaan kan dagaagedha. Irra caalaan aadaa addunyaa, garee aadaa muraasaa warra guutumaan guututti addaan bahanii (isolated) jiran irraa kan hafe, hundumtinuu bu’aa argannoowwan bakka maddan irraa bakkee birootti tamsa’aniiti. Gosonni tamsa’ina aadaa faayidaa qabeessa ta’an lama hanga ammatti beekamaniiru. Isaanis: 

               –  Babal’inaa (expansion) fi

               –  Argama geeddaruu (Relocation) dha.

Lakkofsi baay’een aadaa addunyaa bu’aa tamsa’ina aadaati. Dagaagina suutaa aadaa naannoolee addunyaa keessatti, yeroo jalqaba dhalli namaa lafa kana irratti argamee eegalee yaada-rimee gurguddoo lama ilaalcha keessa galchuun dirqama dha.

Inni jalqabaa argannoo ofdanda’aa (independent invention) fi inni 2ffaan ammoo adeemsa tamsa’inaa (diffusion) kan jedhamaniidha. Akkuma tokko tokkoon garee sadarkaa sadarkaadhaan doofummaadhaa hanga qaroominaatti wantoota bu’aa qabeessa ta’an agarsiisaniif yaad-rimeen argannoo of-danda’aa antiroppooloojistoota ammayyaatiin fudhatama argachaa jira.

Gareen yaad-rimee argannoo of-danda’an dhiibbaa alaa malee adda bahee jira jedhu qabatee deemuu mormii baay’eetu isa mudate. Kanaafuu, yaadni kun yaad-rimee kan biroo tamsa’uu (diffusionist) jedhamuun bakka bu’e. Yaadni kun akka jedhutti elementoonni aadaa hundi si’a tokko kan uumamanii fi isa booda hawaasni wal-irraa fudhachuu agarsiisa kan jedhuudha.

Adeemsawwan lameen, uumuu fi tamsa’uun aadaa dhala namaa naannoo kamiifuu ykn garee kamiifuu wabiidha. Qo’annoon haaraa waa’ee yaadiddama tamsa’uu, tatamsa’ina weevii argannowwanii fi dagaagina neettiworkii ji’oomeetiraa ilaalcha keessa kan galcheedha. Kunis sababa inni haala dhalli namaa itti faca’uun lafa irra qubachuu danda’e irratti seenaa kallattii adda addaan wal-qabate seeneessuun ibsa amansiisaa waan kennuufiidha.

Tamsa’inni aadaa adeemsa faca’uu fi fudhatamuu ykn madaqamuu elementoota aadaa bakka ka’umsaa ykn madda isaa irraa naannoo bal’aa birootti dha. Adeemsi ergifannaa, akka jirutti fudhachuu (copying) ykn kan biroo irraa humnaan fudhachuu bu’uura tamsa’ina aadaati.

Tatamsa’inni aadaa kan raawwatu sochii uummataa, meeshaalee ykn yaadaatiin. Adeemsawwan garagaraa baay’ee karaalee tatamsa’inni aadaa ittiin raawwatan beekamaniiru. Addaddummaan kanneen haalawwan hedduu waliin wal-qabatu. Haata’uutii garuu tatamsa’inni aadaa kan raawwatu uummataan, haala faca’iinsa uummaticha fageenya keessatti raawwatu, fi kkf dha. Fakkeenya lama fudhachuudhaan mee haa ilaallu. Isaanis, tatamsa’ina dhibee, kanneen akka HIV/AIDS fi tamsa’ina kompiteeraa namootaan raawwatudha. Fakkeenya isa jalqabaa waa’ee dhibee keessatti adeemsi saaxilamuu fedhaan alaa kan raawwatu yeroo ta’u, fakkeenya 2ffaa keessatti ammoo fedhaan fudhachuu argina. Eegaan lamaanuu adeemsa tamsa’inaa agarsiisu.

Naannooleen aadaa addunyaa kan gadaagan quunnamtii fi walitti dhufeenya ummata gidduutti ta’e irraatti. Naannooleen aadaa kun bu’aa tamsa’ina aadaa, faca’iinsa yaadota baratamanii, argannoowwanii fi ilaalchawwanii ti. Elementiin aadaa tokko tokkoon ishee bakka tokko ykn isaa olitti erga maddeen booda tamsa’a. Argannoowwan muraasni si’a tokko raawwatu. Haala biroo keessatti ammoo, waa uumuu of-danda’aan ni raawwata. Argannoon tokkoo ta’e ykn wal-fakkaataa ta’e nama biroon bakka birootti adda bahe ni dagaaga.

Hanga ammaatti gosoota tamsa’inaa bu’a qabeessa ta’an lama babal’achuu fi argama geeddaruun qindaa’eera. Fakkeenyi tamsa’ina argama geeddaruu, godaansa amantaa kiristaanaa qubattoota Awurooppaa waliin gara Afriikaa, Ameeriikaa fi Awustiraaliyaatti deemeeti. Akkuma waliigalaatti, adeemsawwan kolonii fi qubannaa Awurooppanootan raawwate seenaa keessatti tamsa’ina aadaa geeddarama argamaati.

Gosni tamsa’ina aadaa babalachuu iddoo (garee) xixiqaatti qoodama. Isaanis:

  • Tamsa’ina gulantaa (sadarkaa) (hierarchial diffusion).
  • Tamsa’ina daddarbaa (contagious diffusion) fi
  • Tamsa’ina onnachiisaa (stimulus diffusion)

Tamsa’ina gulantaa ykn sadarkaa keessatti yaadni nama baay’ee murteessaa biraa gara birootti ykn walkkeessa magaalaatii gara birootti nama biroo keessa darbuun namoota birootti ykn daangaa baadiyaatti hatattamaan gad-bu’a.

Chaanaaliin ykn daandiin tamsa’inaa olaanaan diriiree kan argamu wanta tamsa’uuf yaadamee fi fudhatama wanta (aadaa) tamsa’ee gidduuttidha. Fknf, fudhatama haala uuffannaa haaraa, ykn rifeensa sirreeffannaa ti.

Tamsa’inni aadaa daddarbaa kan inni of-keessatti haammatu faca’iinsa yaadaa bifa dambalii/weevii fakkaatuu haala sadarkaan osoo hin ta’in, akkaataa dhibee (dhukkuba) daddarbaatiindha.

Yeroo fi fageenya keessa suuta suutaan dadhabaa adeemuu fi baduu argannootti dabalataan wantoonni tamsa’ina (faca’iinsa) aadaatti guufuu ta’uun boodatti deebisan nijiru. Danqaawwaniin guutummaatti liqifamuun aadaa, tamsa’ina aadaa dhabuun guddina ittisa. Fknf, wayitii bulchiinsa Appartaayidii waggoota kudhaniif teeleevizyiniin akka Afriikaa kibbaa hin seenne seeraan dhorkamee ture. Daangessitoota liqmsoo ta’an (absobing barriers) muraasatu addunyaarra jira. Daangaaleen beekamoo ta’an baay’een kanneen dabarsoo (permeable) ta’aniidha. Isaanis qaama argannoo (aadaa) keessaa hanga tokko kan dabarsuu garuu ammoo tamsa’inni akka walitti fuufiinsa hin godhannetti boodatti kan harkisuu fi kan dadhabsiisuudha.

Yeroo boordiin mana barumsaa rifeensa dheeraa barattoota dhiiraatiif dhorku, qindeessaan mana barumsichaa immoo dheerina rifeensa barattoota dhiiraa daangeessa. Dheerinni rifeensaa kun tarii dheerina rifeensaa osoo fashiniin haaraan hin dhufiniin dura ture caaluu danda’a. Garuu dheerina rifeensaa faashinii haaraa yad-ta’a (irra gabaabbata). Haala kanaan qindeessaaniifi boordiin mana barumsichaa aadaan haaraa argame sanatti akka danqaa dabarsaa ta’an jechuudha.

Fudhannaan argannoo haaraa bakka kamii sadarkaa adda addaa sadii keessa hulluuqa (darba).

Sadarkaa jalqabaa keessatti, fudhannaan kan raawwatu baay’ee suuta jedheeti. Kunis tarii sababa argannoon sun kanaan dura hin fudhatamneef, bu’aan argannoo sanaa waan hin mul’anneef ta’a. Kanaafuu, sadarkaa 2ffaa keessatti fudhannaan saffisa guddaan raawwata. Haala kanaan elementoonni argannoowwan (aadaa haaraa) sanaa bal’inaan tamsa’a. Tamsa’inni iskeelii xiqqaan mul’atu yeroo baay’ee dhiibbaa ollummaa (neighborhood effect) jedhama. Kana jechuun fudhannaa naannoo xiqqaa ykn fageenya gabaabaa keessatti salphaadhumatti saffisaan naannoo maddaa ykn bakka ka’umsa aadaa sanatti ta’uudha.

Salphachuun haala jireenya namaa yeroowwan darbanii baay’ee isaa har’a hin jiru. Namni har’aa fallaa isa durii yeroo wal-xaxaa addaa waliin wallaansoo gochaa jira. Kanneen hafan kan hin baranne kumaatni, hawaasni mit-qotee bultoonni hambaawwan durii baay’een balaadhaan, naannoo qaroomina hinqabnetti kooluu galtummaan giddirfamaa jiraachaa jiraniidha. Aadaan tasa baduu irra caalaa adeemsa akkaalchereeshinii/acculturation jedhamu keessa jira. Namni barachuudhaan xaabiyoota aadaa hedduu jireenya dhuunfaa isaa keessatti ni argata.

Adeemsa tamsa’iina aadaa, Ji’oograafaroonii gosoota 2ttii qoodu.  Isaaniis: tamsa’iina babal’ataa (expansion diffusion) fi tamsa’iina jijjiira bakka argamattii (relocation diffusion),

1, Tamsa’iina babal’aachaa Adeemu: yaadnii, Arganoon, haaran bakkaa maddaa irrattii dagaage, cimee sanaan booda gara bakkeettii nitamsa’a.  Fakkeenyii tamsa’iina aadaa gosa kanaa kan ta’u tamsa’ina amantii islaamattii.   Amanttiin Islaama lafa maddee peeniinsuula Araabaa irra ka’e kibbaa – Eeshiyaan keessaa bahee gara Giibtsii, Afrikaa kaabaa fi gara Afrikaa Dhihaattii tamsa’eera.

Tamsa’iinii aadaa babal’aacha adeemu kun haala tamsa’iina lama niqaba.

i. Tamsa’iina wal-tuquu (contagious Diffusion)

       Tamsa’iina aadaa kan namoota dhuunfaa dhiheenyaattii argaman hunda bira gahee dhiibbaa        irrattii geesiisuu dha. Dhibeen ummataa tokkoo keessaattii yammuu tamsa’u haala kanaanii Fakkeenyii tamsa’iina aadaa haala kana kan ta’u akkaataa tamsa’iina amantii Islaamaattii.

ii. Tamsa’iina sadarkaa (Hierarchical Diffusion)

     Daandiin tamsa’iina kara namoota dursaanii waa saniif saaxilamaniin kan adeemudha.  Fkn   

     ta’e kan fudhaatamu tamsa’iina dhukkuuba AIDS ittii.

  1. Tamsa’iina Jijjiira Bakka Argama Aadaa (Relocation Diffusion)

Tamsa’iinii aadaa kan ummaataa dhaabbataan bakkaa tokkoo jiraatuun geggeeffamudha.  Tamsa’iina kana keessaattii wantii bakkeedha gara bakkeettii socho’u arganoo fi yaada haara dha.

Tamsa’iinii aadaa kun namoota qabataman bakkeedha gara bakkeettii socho’aaniin kan taasifamuudha.  Namootnii arganoo fi yaada haara bakka tokkoottii burqee ofittii fudhaatanii (adaptation) sanaan booda gara bakkaa haara fagoo ta’eettii ni dabarsu.

Tamsa’ina aadaa fi ofittii fudhaachuu arganoo fi yaada haara irrattii wantootnii dhiibbaa geesiisan ni jiru.  Isaaniis:

Fageenyaa: Arganoo haaran tokkoo bakkaa irraa maddee irraa fagaatee yammuu adeemuu hangii fudhaatama argachuu isaa xinnaacha adeema.

Yeroo: Arganoon haara tokko bakka ittii hin beekkamnee qaqaabuuf yeroo dheera nifudhaata taanan fudhaatama argachuun isaa ni shakiisiisa.

  •  Daangeeffama Aadaa (cultural Barrier)

Arganoon, yaadnii fi muxxanoon haaran tokkoo naannoo aadaa kan biroo biraa yaammuu qaqaabu fudhaatama dhaabuu ni danda’a. Sababnii isaas ilaalchaa fi dhorkama gama aadaa sanaan ka’ameerratti hundaa’a.

Gochaalee beekkamoo ta’an keessaa akkaa fakkeenyaattii armaan gadiittii dhiyeesuu ni danda’ama.

  • Filaanoo wantaa nyaatamu – diduu nyaata aadaa biroo. Fkn bineessota  fi beeladoota adda addaa.
    • Dhoorkuu dhugaattii Alkooloo fi nyaata foon qurxxuumii.
    • Dhoorkuu qorichaa ammayaa fi ittiin fayyaadama mala ittiisa ulfaa.
  •  Xin-qeeyyaa (Ikoloojii) Aadaa (cultural ecology)

Ikooloojiin aadaa qo’annoo waa’ee adeemsawwan dhalli namaa naannoo fiizikaalaa isaa waliin walitti dhufeenya uumuudha. Akkasumas hariiroo naannoo uumamaa fi faca’iinsa sochiilee dhala namaa jidduu jiru kan qaaccessuudha. Walitti dhufeenyi aadaa dhala namaa fi naannoo uumamaa jidduu jiru mataduree barnootaa wal-mormisiisaa ta’ee jira. Yaad-rimeen xinqeeyyaa (ikooloojii) aadaa kan mul’ate jalqaba 1377tti hojii ji’oogiraafaroota musilimaa fi beektoota seenaa kan akka Ibiin kahaalduuniin ture. Ibiin kahaalduun hojii isaa isa muuqaaddimaahi jedhamu keessatti hariiroo ikooloojikaalaa irratti baay’ee xiyyeeffateera.

           ] – Ikolojiin jechuun maal jechuudha?  Sirni ikoo maal?

              -Ikoloojiin qo’achuun maaliif qo’achuun barbaachise? Gareen mari’adhaatii gabaasaa.

Dhalli namaa fuula lafaa irra jiraachaa jiru dhiibbaan uumamaa kan irra jiruu fi dhiibbaan kunis jiruu dhala namaa kana kan murteessuudha. Elementoota bu’uuraa olaantummaa dhalli namaa lafa irratti qabu mul’isan keessaa tokko kan ta’e dandeettii dhalli namaa adeemsa uumamaa fuula lafa bocan kan akka haramaa (lolaa), kuufama, sirna yaa’iinsaa, marsaa bishaanii fi adeemsawwan bu’a qabeessa kanaan wal-qabatan keessa seenuun dhibbaa irratti gochuudha.

Dandeetti naannoo jijjiiruu dhala namaa haala jireenya guyyaa guyyaatiif bu’a qabeessummaan isaa kan ture irraa baay’ee olaanaadha. Dhiibbaan waliigalaa dhalli namaa biqilootaa fi bineeldoota irra deebiin facaasuu lafa duwwummaa hambisaa jira.

Jijjiiramni naannoo dhala namaan mul’achaa jiru yeroo mara bu’aa qabeessa miti. Gochaaleen dhala namaa tokko tokko gahumsa itti fayyadama lafaa kan biqiloota bu’aa dinagdee qaban oomishuuf oolan kan gad-buusuu fi haala jireenyaa gaarii orgaanizimoota biroo, dhala namaa dabalataan xiqqeesseera.

Qo’annoon sirna-ikkoo walitti dhufeenyaa orgaanizimoota murta’aa fi naannoo isaanii irratti xiyyeeffata. Kanaafuu, ikkooloojiin aadaa kan hiikamu akka hariiroo fi walitti dhufeenya danuu aadaa fi naannoo uumamaa isaa gidduu jiruutti.

Garee dhala namaa fi haalli jireenyaa isaa bakka fiizikaalaa murta’aa dhalli namaa dagaagfate irra qubatee jira. Aadaan naannoo vaakiyuumii (duwwaa) keessa hin jiraatu. Ikkooloojiin aadaa kan qo’atu tokkoffaa dhiibbaa naannoon aadaa irratti qabuu fi lammaaffaa dhiibbaa namni karaa aadaa isaa sirna-ikkoo irratti qabuu dha. Sirni-ikkoo kan agarsiisu raawwii sirna-ikkoolojikaalaa kan keessatti Hoomoo-saappiyaaniin baayooloojikaalaa fi aadaa keessaa jiraatanii fi naannoo fiizikaalaa waliin walitti dhufaniidha.

Akkasumas yuuniitii deemsi ykn dhangala’iinsi wantootaa ykn ammiisaa keessatti ta’uudha. Ikkooloojiin aadaa (cultural ecology) kan ibsu daandii kar-lamee kan ittiin hawaasnii fi naannoon dhiibbaa walii walii isaanii irratti godhanii dha.

Ikkooloojiin aadaa haalduree, aadaan  tooftaa dhalli namaa ittiin wallaansoo naannoo fiizikaalaa ittiin quunnamuudha jedhu irratti hundaa’a. Kanaafuu aadaan tooftaa madaqinaati. Aadaan kan tajaajilu madaqina yeroo dheeraa, milkaa’inaa fi miti-uumamaa dhala namaa fi jijjiirama naannoof haala mijeessuufiidha. Tarsiimoon madaqinaa kan of-keessatti hammatu wantoota aadaa kanneen jireenyaaf barbaachisoo ta’an kan akka nyaataa, uffataa, mana jireenyaa fi ittisaa dhiheessuufiidha.

Tarsiismoowwan madaqiinaa kun yaad-qalbii aadaan darban ykn barataman warreen hawaasni (uummatni) naannoo uumamaa isaanii keessa jiraachuu akka danda’an taasisan of-keessatti hammata. Tokko tokkoon daandiin  madaqinaa walitti dhufeenya amala addaa aadaa fi naannoo uumamaa isaanii gidduudhaa kan argamaniidha. Aadaan haala addaa tokko keessatti akka qabeenyaatti bu’aa qabeessaa ta’eetti murteessuuf akka gargaarutti tarsiimoo madaqiinsaa dabarsa. Garuu namni dhunfaadhaan murtoo bu’aa qabeessaa fi humnaa waa-uumuu guddaa raawwata.

Walitti dhufeenya namaa fi lafaa gidduu ilaalchisee yaadootni arfan tokko dagaaganiiru. Isaanis:

  • Murteessummaa naannoo (Determinism)
  • Poosiibilizimii (Possibilism)
  • Fakkii sammuu naannoo (Environmental perception) fi
  • Nama akka jijjiiraa  fuula lafaati (man as changer of earth’s surface).

Yaadni murteessuummaa naannoo jedhutti warri amanan yookiin deeggaran akka jedhanitti naannoon uumamaa keessattuu qilleensa barmaa fi teessumni lafaa humnoota baay’ee olaantummaa qabaachuun aadaa dhala namaa murteessan ta’uun dhalli namaa bu’aa naannoo fiziikaalaa isaati jechuun amanu. Kana jechuun namni akkuma suphee ta’uudhaan naannoo isaatiin bocama jechuudha. Akka yaada kanaatti aadaan dhala namaa guutumaa guututti naannoo fiizikaalaa isaatiin to’atama jechuudha. Kanaafuu, naannoon fiziikaalaa wal-fakkaataan aadaa wal-fakkaataa uuma jedha.

Warreen yaada diteerminizimii deggaran, gahee naannoon dhimmoota dhala namaa keessatti qabu baay’ee cimsanii ilaalu. Erga Aristootilii asitti yaada kana namootni hedduun kanneen akka Charlas Daarwiin qabaachaa (leellisaa) turan.

Yaadni  posiibiliizimii ammoo isa dhalli namaa naannoo isaa irra bu’aa aadaa isaatitii jechuun amanuu dha. Akka deeggartoonni yaada kanaa amananitti naannoon fiziikaalaa kamiyyuu carraa itti aadaan dagaagu hedduu qabu jedha. Hangi dhiibbaa naannoo uumamaa guddina qaroomaa fi dagaagina teeknooloojii waliin hira’achaa deema. Elementoonni aadaa fi dinagdee naannoo xiqqoo keessaa bu’aa aadaa carraa naannoo uumama kennu keessatti murta’eedha.

Yaadni Invaayiroomeentaal parsapishinii jedhu ammoo akkaataa namni uumama itti fudhatu irratti xiyyeeffata. Fakkiin sammuu namoota dhuunfaa fi garee aadaa naannoo fiziikaalaa beekumsaa argame, doofummaa, gatii itti kennuu (sona), muuxannoo fi curriisaa akka fudhannaa naannoo (environmental perception)tti hiikamu. Yeroo warri poosibilistii dhalli namaa naannoo fiziikaalaa isaa keessatti filannoo hedduu akka qabutti amanan warri invaayiroomentaal persapishinistii ammoo filannoon namni godhu (qabu) fudhannaa namoonni waa’ee naannoo sanaaf qaban irratti kan hunda’udha jedha. Kana jechuun haala qabatamaa lafaa (naannichaa) irratti kan hunda’uu miti.

Warreen yaada murteessummaa naannoo deeggaran akka amananitti bu’aa ba’iin teessuma lafaa ummatni naannoo garreenii salphaa, boodatti hafaa, rinciccaa, kan hin yaadne fi bilisummaa kan dheebootu akka ta’e dursanii murteessaniiru.

 Jarreen yaada murteessummaa naannootti (environmental determinism) amanan gahee naannoon dhimma namaa keessaa qabu irratti baay’ee garmalee xiyyeeffatu. Naannoon fiziikaalaa humnoota aadaa dhala namaa irratti dhiibbaa qaban keessaa tokko garuu wanta amantaa fi yaada-qalbii dhala namaa murteessu naannoo fiizikaalaa qofa miti.

Yaada murteessummaa naannoo irratti mormiin ykn falmiin kan biroo akka deebitti uumameera. Innis yaada posibiliizimiitu dhalate. Warri posibilizimii dhiibbaa naannoo kan hin dagannee fi mallattoon uumamaa aadaa baay’ee keessatti akka mul’atu kan hubataniidha. Garuu warri posibiliziimii walii dabarsi aadaa yoo xiqqaate naannoo fiziikaalaa waliin yaada qalbii dhala namaa irratti dhiibbaa gochuu isaanii irratti baay’ee xiyyeeffatu. Tokkoon tokkoo aadaa bakka jireenyaa waliin karaa adda addaa walitti dhufeenya uuma.

Filannoon hawaasni taasisu kan irratti hundaa’u fedhii uummataatii fi jiraachuu teeknooloojii fedhii isaanii kena guutuu danda’uuti. Amaloonni aadaa naannoo xiqqaa fi dinagdee bu’aawwan murtii aadaa bu’uureeffateeti. Murtoon kunis kan murta’uu daangaa naannoo filannoo kennuu danda’uu keessattidha.

Kana jechuun, jijjiiramni aadaa adeemsawwan baratamaa ta’an kan akka ji’ooloojikaalaa fi jijjiirama orgaaniikaalaatti dabalamu. Jijjiirama teeknooloojii kam-waliin jijjiiramni suutaa haaraan qabeenyaatti dabalamu mul’achuu ni danda’a. Hariiroon qabeenyaa fi teeknooloojii wal-madaala dhaabbataa kan ta’e osoo hin taane, adeemsaa jijjiiramaa walitti fufaa, kan gaarummaa yaadaa jijjiiramaa irratti hundaa’edha. Kunis erga namni naannoo ademsaa isaa foyyeessuuf ibiddatti fayyadamuun bosona qulqulleessee jalqabee keessati.

Yaadni invaayiroomentaal parsapishinii dandeettii waa adda baasuu namaa irratti xiyyeeffata. Fakkiin sammuu namoota dhuunfaa fi garee aadaa naannoo fiiziikaalaa beekumsa, doofummaa, muuxannoo, ad-xiqii/sona fi curriisaa bocamen hundi akka dandeettii waa adda baasuun naannootti hiikamu. Gama biroon warri posiibilistootaa dhalli namaa naannoo fiziikaalaa isaa keessatti carraa filchuu danda’u adda addaa akka qabutti ilaalu. Filannoon uummataa kunis irra jireessan xabiyaa naannoo isa dhugaa irratti osoo hin taane akkaataa isaan naannoo isaanii itti fudhatan irratti dha akka warri yaadicha deeggaran addeessanitti.

Naannoon irra qubatamee jiru hundi teessuma aadaa qaba. Innis teessuma lafaa uumamaa irraa gara kan birootti geeddaramuudhaan aadaa irratti uumama (tolfama) calaqisiisa. Teessumni lafaa aadaa sirriitti ifaa baasee agarsiisa. Teessumni lafaa aadaa waantoota bu’uuraa carraaqii dhalli namaa mana jireenyaa, nyaataa, uffannaa fi bashannanaa godhu sirriitti calaqqisiisa. Dabalataan, teessumni lafaa ragaalee gatii qabeessaa kanneen waa’ee madda, faca’iinsa, fi dagaagina aadaa of-keessatti qabata. Kunis teessumni lafaa yeroo baay’ee waan eeguufiidha.

  •   Tokkumaa’uu Aadaa fi Teessuma Lafa Aadaa

Tokkumaa’uu aadaa jechuun elementootni aadaa garagaraa wal-ta’uun sirna guutuu tokkoo uumuu jechuudha. Aadaan naannoo tokkoof amala ni kenna. Hawaasni aadaa kamiiyyuu naannoo irra jiraatuu irratti ijaaraa caasaa adda addaa irratti ijaaruun ni jijjiira. Fknf sarara geejjibaa fi quunnamtii uumuun, lafa qotuun fi bo’ii bishaanii ykn daandii bishaan irra adeemu baasuu. Ogummaan ijaarsa gamoo, haala uffannaa namootaa, mala geejjibaa fi mi’oonni baataman hundi amala addaa naannoo aadaa tokkoo agarsiisu. Karaaleen aadaan hundi itti mul’atan marti iddoo fi sirnaan kan walxaxan ykn tokkumaa’aanii dha. Aadaan amaloota wal-hinfakkaanne wal-duukaa deeman irra wanta guutuu wal-xaxaa ta’eedha. Aadaan tasaan (osoo hin yaadamiin) qaamoonni walitti dhufuun sirna tokkummaa’aa uuma. Haalawwan aadaa hundi hojjii hojjechuu irratti walii walii isaanii irratti hirkatu. Ijoon dubbii tokkumaa’uu aadaa wal-xaxiinsa kana ibsa. Tokkumaa’uun aadaa sababni jalqabaa amaloota aadaa muraasaa amaloota aadaa kan biroo ta’uu isaa calaqqisiisa. Tokkummaa’uun aadaa jijjiiramni elementii aadaa tokko keessattii jijjiirama fedhaan fudhachuu aadaa biroo keessatti akka barbaachisu hubata.

Faca’iinsa amala aadaa tokkoo osoo addaddummaa amala aadaa biroo hin qo’atin hubachuun hin danda’amu. Qo’annoon kunis kan barbaachisuuf akkamiin tasa akka walitti hidhatanii fi tokko ta’an ilaaluufiidha.

Dhalli namaa sababoota garagraa baay’eef marsaa lafaa baay’ee deemeera. Naannoo fagoo hin beekamne tokkoo beekuuf fedhii godhachuun sakatta’uuf wanta kakaasedha. Innis yoo fedhiin ykn dharraan guutame manatti deebi’uu ykn hanga daangaa haaran fedhii barbaachisuu guutuu argamutti barbaachuu itti fufuu yaada jedhu qabatameeti.

Bifootni barbaachaa ykn sakatta’iinsaa hundi hunbannoon dhala namaa haala fuula lafaa ilaachisee akka babal’atuuf bu’aa buuseera. Kanas dhala namaatiif filannoo bakka jireenyaa, madda ykn argama meeshaalee dheedhii haala jireenyaa adda addaa, fi daadeettii ykn humna haala jireenyaa namaa jijjiiruu kennuudhaan.

Aadaan tokko amala naannoo isaa ni ibsa. Haala ijaarsa gamoo, haala uffannaa namootaa, maloota geejjibaa fi meeshaaleen baataman hundi isaanii amala addaa naannoo addaa tokko qabu ni addeessu. Hawaasni aadaa addaa qabu tokko bakka jireenya isaa wantoota adda addaatiin, fknf, ijaarsa adda addaa ijaaruun, sarara wal-quunnamtiin tolchuun, lafa qotuun misoomsuun, bishaan jallisuun naannoo isaanii ni jijjiiru. Teessumni lafa aada (cultural landscape) jijjiirama dhalli namaa teessuma uumamaa irratti fide kan addaan bahuu danda’u hunda fuula lafaa fi baqqanna lubbu qabeeyyii dabalataan of-keessatti haammata.

Teessumni lafaa calaqqee aadaa ti. Bakkeewwan aadaa carraqqii bu’uuraa dhalli namaa mana jireenyaa, nyaataa fi uffannaaf godhu calaqisiisa. Tessumni lafa aadaa yaadawwan hawaasaa fuula lafaa jijjiiruun wal-qabatan calaqisuu fi ragaalee bu’a qabeessaa hambaalee bifoota addaddaa eeguun (tursuun) waa’ee madda, faca’iinsa, fi dagaagina aadaallee of-keessatti qabatu. Bakkeewwan aadaa kamiyyuu tuulama (kuusaa) wantoota harkaa namaan tolfamaniiti. Wantoonni kanneenis muraasni isaanii haaraa muraasni ammoo moofaa kan ta’aniidha.

Teessumni lafaa/bakkeewwan aadaa hambaalee of-keessatti qabachuun cinaatti aadaa fi ergaa waa’ee qubatoota jiraattoota har’aa agarsiisuun ni ibsu. Teessumni lafaa namooma’e (humanized landscapes) hundi hiika aadaa qaba. Qubsamni bakkaan qindaa’ee fi bifni ogummaa ijaarsaa akkasumas caasaalee biroon adi-xiqii (sona) fi barsiifannaa ummata hojjetee (tolchee) akka ibsanitti ilaalama. Kanaafuu, teessumni lafaa malleen ittiin elemeentoota aadaa miti-meeshaa ta’anii qo’achuuf tajaajilan ta’uun fayyada. Eenyuyyuu teessuma lafaa akka kitaabaatti dubbisuu ni danda’a.

Teesumni lafaa dandeettii ilaalcha addunyaawaa (global ideology) fi iddeessaawwaa (metaphorical) qaba. Fakkaannoowwan (figurative) sadan faayidaan dhala namaa ittin ibsamu ol-ka’iinsa, umurii dheerina (yeroo dheeraa tajaajiluu) fi argama giddu galeessummaati. Caalaalleen walkkeessatti argamaniifi ol-dheeroon sibiila, xuubii, ykn dhagaa irraa ijaaraman aadaa murtaa’aa keessatti ijaaramaniif hunda caalaa barbaachisaa fi bu’a qabeessa dha. Awurooppaa giddu-galeessaa keessatti baataskaana guddaan kaateedaraal jedhamu ulaagaawwan sadan olitti ibsaman (ol-ka’iinsa, yeroo dheeraa turuu fi giddu galeessatti argamuu) guutuun fakkeenya gaarii kan ta’anii dha. Sababiin isaa bataskaanonni kun qaxxaamuraa walakkeessaa irratti dhagaa irraa kan ijaaramanii fi caasaalee biroo irraa oldheeratanii waan argamaniifiidha.

Yaad-rimeen teessuma aadaa fudhatama qabatamaa kan argatu yeroo naannoon tokko jiraattootaan qabatamuun jijjiiramee dhaloota itti-aanuttii darbuun, tokko tokkoon dhalootichaa fakkii (mallattoo) aadaa sanii yoomuu dhisaanii darbaniidha.

Uummatni sadarkaan qaroomina isaanii fi aadaan isaanii garaagara ta’e akkaataa isaan bakkaa fi qabeenya itti hubatan garaagara. Akkaataan hubachuu wal-fallaa kun teessuma aadaa dhuunfaa isaanii keessatti calaqqisa. Kanaafuu, teessumni aadaa yeroo har’aa walitti qabaa gumachawwan kanneenii fi fuula duratti wanti rakkisaan gumaacha hawaasa tokko tokkoo kan deebisanii ijaaruu dha.  Aadaan naannoo tokkoo amala kennu qaba. Fakkiin ykn suuraan tokko aadaa keessatti hojjetame waan agarsiisu qaba. Haalli ijaarsaa, akkaataan uuffannaa hawaasaa, bifoonni geejjibaa fi meeshaaleen baatamanii deemaman hundi aadaa naannoo murta’aa tokkoo calaqqqisiisu.

Hawaasni aadaa kamiyyuu bara jiraatu keessatti ijaarsaa adda addaa ijaaruun, daandii geejjibaa fi quunnamtii uumuun, lafa qotuun, ujummoo bishaanii dirirsuun jireenya isaanii dabarsu. Hawaasa muraasni kanneen akka tikfatee bultoota  warreen ragaalee dhaabbataa baay’ee muraasa lafa irratti dhiisanii darbanii fi ummata muraasa daangaa gammoojjii jiraatan kanneen akka ummata Saan fi uummata bosona roobaa tiroopikii keessa jiraatan kanneen akka garee Pigimootaa naannoo isaanii jijjiiruu keessatti gaheen isaanii baay’ee xiqqoodha. Haata’u malee, yeroo baay’ee lafa irratti jijjiiramani akka daandii asphaaltii, bo’oo bishaan jalisii, katara naannoo lafa ol’ka’atti ijaaramee fi kkfn ni jira.

Elememtootni nam-tolcheen akkasii kun walumatti teessuma lafaa aadaa (cultural landscape) jedhamu. Jechi kun walumaa galatti bara1920’moota keessaa ji’oogiraafii keessatti fayyaduu jalqabe. Ji’oogiraafarri maqaan isaa yaad-rimee kana waliin walitti hidhata hanga ammatti qabu piroofeessara Yuunivarsitii Kaaliifoorniyaa kan ta’e Kaarli Saawuuyeer jedhama.

                                    Hojii Barataa

  • Gaaffilee armaan gadiitiif deebii gaggabaaba kenni.
  • Aadaa jechuu maal jechuudha.
  • Caaculleewwan shanan aadaan irratti ijjaraman maal fa’i?
  • Addaddummaa aadaa meeshaalee fi miti-meeshaalee jidduu jiru fakkeenyaan deeggaruun ibsi.
  • Qoodama naannoolee aadaa jiran tarreessuun garaagarummaa fi wal-fakkeenya isaanii addeessi.
  • Ijoowwan dubbii ji’oogiraafii aadaa tarreessuun yaad-rimee tokkoon tokkoo isaanii irratti ibsa gabaaba kenni.
  • Gosoota tamsa’ina aadaa jiran ibsi.
  • Yaadoota arfan haariiroo dhala namaa fi naannoo irratti jiran yaad-rimee isaanii ibsi.

4.4. Jijjiirama Aadaa fi Hawaasa (Culture and social change)  

4.4.1. Seensa

  • jjjiirama aadaa fi hawaasaa jechuun maal jechuudha?
  • jireenyi hawaasummaa dhiibbaa akkamii siyaasaa fi dinagdee irratti qaba?
  • Maddootaa fi sababoota jijjiirama hawaasaa maal fa’a?
  • Gloobaalizeeshiniin maal? Bu’aa fi miidhaan isaa gareen ibsi

Jijjiirama hawaasaa qo’achuun yaaddan galma ga’iinsaa ykn kufiinsa sirna siyaasaa giloobaalaayizeeshinii, dimookiraasii, misoomaa, guddina dinagdee fi kkf xiinxaluuf barbaachisa. Fakkeenyaaf guddinni dinagdee amansiisaan haallan teekinooloojii, qabeenya uumamaa fi hawaasaa irratti hundaa’a. Haata’uyyuu malee, teekinooloojii  fi qabeenya akkasiitti kan fayyadaman biyyoota muraasa.

Jijjiiramni hawaasaa akka waliigalaatti baay’ee guddaa fi adeemsa walxaxaa kan qabu ta’ee haallan akka diimoogiraafii, teeknooloojii, argamuu qabeenya uumamaa, tasgabbii siyaasaa, dinagdee fi kkf of keessatti hammata.

Adeemsi jijjiirama hawaasaa gama siyaasaa dinagdee fi hawaasummaatiin ta’u haalaan ulfaataa ta’uu  irra darbee haallan (faaktaroota) adda addaa, adeemsoota hedduu (multiple processes) kan wal faana (concurrently) ta’an keessa kan darbuudha. Adeemsonni  kunnin haallan akka tasaa/carraa yeroo tokkicha umamman, faaktaroota addaa (unique) fi tasa (random) ta’aniin dhibbaan irra gahuu ni danda’a. Fkn’f haalli ji’oogiraafii qarooma gudda naannoo g/galeessa ta’e tokko irratti uumamuuf naannoolee xixiqqaa g/galeessa hinta’iin qaban irratti dhiibbaa ni qabaata. Haaluma walfakkaatuun naannoo tokko irra jiraachuu ykn dhabamuun uummataa (presence or absence) daandii (pass) jijjiirama hawaasaa irratti murteesummaa guddaa qaba. Kanuma irraa ka’uudhaan hawaasa adda addaa keessatti tooftaa fi karaalee hawaasi tokko fudhatuu kan hawaasi biraan hordofu wajjin wal hinfakkaatu.

Karaa biraatiin immoo adeemsonni hundaaf tokko ta’an (systematic and common processes) hawaasa garaagaraa yeroo tokkicha walfaana jijjiiranis nijiru.

Fkn’f, Galma gahiinsi misooma waliigalaa hirmaanaa fi gurmaa’iinsa hawaasaa (social participation and mobilization), caasaalee adda addaa, misooma qabeenya walabaa (free resources), waan tokkoon beekkamuu(specialization), dhaabbilee hawaasaa garaagaraa fi sirna mootummaa tasgabba’aa fi yeroo waliin deemu (update) ta’e ni barbaada. Kanaafuu jijjiiramni hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee haala gaariin akka dhufuuf haallan sirnaawaa (systematic) fi haallan tasa (random), addaa fi utuu itti hin yaadamiin ta’an walitti fiduun barbaachisaa ta’a.

4.4.2. Yaadi Hiddamoota Gurguddoo Jijjiiramaa

Yaadi hiddamoonni jijjiirama hawaasaa bakka gurguddaa lamatti qoodamu. Isaanis:

  1. Yaadiddamoota sirnaawaa (systematic theories) ta’an fi
  2. Yaadiddamoota miti-sirnaawaa (non systematic theories)

Yaadi hiddamoonni jijjiiramaa sirnaawaa ta’an irratti hayyoonni adda addaa yeroo adda addaa ibsa kennaniiru. Isaanis: Hayyichi Marx (1971) jijjiiramoota (dynamics) sirna kaappitaalizimii akka armaan gadiitti ibseera. Innis sirni dinagdee kaappitaalizimii bu’uurri isaa bu’aa barbaachuu irratti kan hundaa’ee fi bu’aa kana immoo mi’oota (commodity) oomishuun akka argatutti kaa’a. Gudinni dinagdee kaappitaalizimii kan dhufu karaa saamicha bu’aa dabalataa (surplus value) kaappitaalistoonni hojjettoota (workers) irraa argataniin akka ta’etti ibsa. Gatii fi bu’aan dabalataa immoo kan argamu yeroo hojjettoonni hojii dabalataa kan ofii isaaniif argatan caalaa kaappitaalistootaaf hojjetan irraati. Sirna gabaa kaappitaalizimii keessatti hojjettoonni jiraachuuf humnaa fi dafqa isaanii kaappitaalistootatti gurguratu. Kaappitaalistoonni  immoo humna hojjettootaaf kaffaltii gitu dhorkachuun humna isaanii hatu. Gatii fi oomishi dabalataa humna hojjettootaa irraa argamu kun madda bu’aa kaappitaalistootaa isa guddaa dha.

Akka waliigalaatti Marx sirna kaappitaalizimii yeroo ibsu, sirnichi sirna al-tasgabbaa’aa fi yaaddan wal-mormaniin (antagonism) guutamee fi mormiin akkasii immoo hiikamuu kan danda’u hawaasni jijjiiramaaf yoo socho’e qofaa dha jedha.

Hayyichi Eisenstadt (1973)  immoo sirna jijjiirama hawaasaa akkaataa armaan gadiitti ibseera.

Innis guddinnii fi misoomni hawaasaa akka dhufuuf yaaddan adda addaa wal biraa qabuun madaaluun (comparative approach) kan fooyyee qaban fudhachuu fi fuulduratti tarkaanfachuun barbaachisaadha jedha.

Fakkeenya:

  • Seeraa fi paaternii misooma sirna siyaasaa impaayerootaa diriire (1993)
  • haallan ammayyummaan fiixaa bahiinsa ta’e itti-uumaman tarreessuun (1983)
  • Yeroo jijjiiramaa fi cehumsa jijjiiramaa itti-uumame (1978)
  • Akkaataa qaroomni hundee qabeessa ta’an itti muldhatan (1986) fi kkf.

Kana itti dabalees Eisenstadt jijjiirama ammayyummaa (modenization) irratti yaada armaan gadii kaa’eera.

Ammayyummaan misooma hundee qabeessa (base level) akka barbaaduu fi hawaasni ammayyummaa keessa seene akka itti fufuuf fireem-woorkiin dhaabbilee (institutional frame  work) kan jijjiirama walitti fufiinsaan dhufu fudhatuu fi duukaa jijjiiramu qabaachuun daran barbaachisaa dha. Kana jechuunis akkuma hawaasni duroomuu fi qaroomu, fedhiiwwan haarofni (new demands) ni uumamu.  Kanuma wajjin hooggantoonni siyaasaa filannoon gara aangootti dhufu. Kana wajjin haallan siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee fi kan biroo jijjiirama kana damdamachuun (adaptation) jijjiirama hawaasaa kana waliin deemuu qabu.

Hayyichi North (1996a,b) jedhamu immoo jijjiiramoota siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee irratti yaada qabu akkas jechuun ibseera. North dhaabbileen (institutions) hawaasaa baattota (carrier) adeemsa jijjiirama dinagdee hawaasaati jedha. Kana jechuunis dhaabbileen hawaasaa seera idilee hawaasichaa (heera, sadarkaa fi seera waliinii ykn common law fi dambiilee fi kkf) hir’ina al-idilee (informal constraints) kanneen akka barsiifataalee amalaa, waliigalteewwan fi amala keessaan namaaf kennaman, akkasumas amallan sissi’eesituu ykn onnachiistuu tokko tokkoo namaaf kennaman jiru. Dhaabbileen hawaasaa kunniin immoo hir’inoota hawaasa keessatti muldhatan xiqqeessuu fi hawaasicha gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin jijjiiruuf nibarbaachisu jedha.

Adeemsa jijjiirama dinagdee keessatti dhimmonni dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan dhaabbilee hawaasaa akka taatotaatti (actors) dhaabbachuun instittiyuushinii ykn teeknooloojii haaraa uumu. Adeemsii kun akka fiixaan bahuuf sochiileen dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dorgommii keessa seenuun sadarkaa isaanii teekinooloojii haaraa argame faana socho’uu qabu.

Yaadiddamoota jijjiiramaa kan siistamaatikii hin taane kanneen armaan gadii ti. Isaanis:

  • ji’oogiraafii
  • teeknooloojii
  • haallan namaa (fakkeenyaaf, fedhii namaa ykn human will)

Jijjiirama kana keessatti ji’oogiraafiin haala tasaa kan  misooma dinagdee isa jalqabaa keessatti gahee guddaa taphatedha. Misoomni dinagdee jalqabaa kan muldhate yeroo dhalli namaa sirna dinagdee adamoo fi funaansaa irraa gara dinagdee qonnaatti ceeheedha. Yeroo kana ji’oogiraafiin naannoo tokkoo bakka argama qabeenya uumamaa agarsiisuu irratti gahee olaanaa qaba ture.

Sirni dinagdee kaappitaalizimii warra dhihaa keessatti kan muldhate ji’oogiraafii naannoo irratti hundaa’eti. Kaaba-dhihaa Awurooppaa keessatti guddinni ji’oogiraafii argame magaalaaleen of-danda’anii akka hundeeffaman, kaappitaalli guddaan akka kuufamuu fi giti hawaasaa dureeyyii (bourgeoise) akka uumamaniif haala mijeesseera.

Kana malees guddinni ji’oogiraafii Chaayinaa keessatti hojiin misooma jallisii (large scale irrigation) akka jalqabamuu taasiseera. Lafti dakeen g/galeessa biyyattii keessatti argaman heddummina uummataatiin qabamuun isaanii lafa diriiraa fi laggeen tajaajila geejjibaaf oolan bakka kanatti tajaajila qunnamtii fi geejjibaa salphaa ta’e uumaniiru. Kanatti fufuudhaan naannoon kun uummattoota galaana baha cina jiraataa turanii fi guutummaa Awurooppaa irraa dhufanii irra qubataniiru. Qubannaa kana waliin dimookiraasii haaraa fi aadaan haaraan Ameerikaa keessatti jalqabame naannoo kanatti jalqabameera.

Karaa biraatiin ji’oogiraafiin naannoo tokkoo jijjiiramni naannochatti akka hin dhufneef dhibbaa ni uuma. Fkn’f, Addunyaa irratti bakkeewwan qaroomaa warri jalqabaa naannoo laggeeniitti akka jalqabaman beekamaa dha. Naannoon laggeenii kunniin heddummina uummataa guddaa ta’ee kan qabanii fi mootummaa g/galeessattiin kan bulan turan. Haata’u malee handhurri qarooma jalqabaa kunniin balaa uumamaa (catastrophes) kanneen akka gogiinsa cimaa, weerara saamtoota tikfatootaa (invasions by nomadic raiders) kan naannoo gammoojjii ollaa irra jiraachaa turaniin rakkoo guddaaf saaxilamanii turan. Rakkoowwan kunniin qarooma naannoo kanatti muldhate kuffisaniiru.

Naannoleen ji’oogiraafii Awurooppaa dhihaa garuu kaappitaala guddaa haala walitti fufiinsa qabuun kuufachuu fi oomisha gaarii argachuu danda’aniiru. Sababni isaas naannoo kana balaan uumamaa waan hin qaqqabneef akkasumas waggaa guutuu rooba gaarii waan argatuu fi gammoojjileen naannoo kana daangessan waan hin jirreefdha.

Fooyya’insi teekinooloojiis akkuma faaktaroota biroo jijjiirama hawaasaa keessatti gahee guddaa qaba. Fakkeenyaaf, Argannoon teeknooloojii haaraa humna fardaatiin gargaaramanii lafa qotuun Awurooppaa kaaba-dhihaa keessatti eegalamuun isaa naannoon jaarroota 9ffaa-13ffaatti haalaan akka misooman daandii ykn hadiida baaburaa hojjetamuun isaa jijjiirama hawaasaaf bu’uura guddaa uumeera.

Haallan namootaas (human factors) kan akka dhimmota murteesummaa keessatti hirmaachuu (decision making) jijjirama hawaasaatiif bakka guddaa qaba. Fknf, hawaasa keessatti fedhiiwwan adda addaa kan walmorman (clash of wills/interst) caasaalee siyaasa mootummootaa keessa jiraachuun isaa jijjiirama hawaasaa nifida. Aadaan kun bakka baratametti hawaasni gara dinagdee industiriitti jijjiirameera. Sirni bulchiinsa siyaasaa barsiifataalee fi amaloota duraanii (customs & traditions) fi aadaa ammayyummaa (modernity) walitti araarsu jijjiirama hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti fida. Fkn, Biyyi Jaappaan teekinooloojii alaa (foreign technology) gara biyya isheetti daftee waan galchituuf akkasumas aadaa ishee duraanii immoo akka gadi hindhisneef haalaan cimtee waan eeggattuuf jijjiirama hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti fiduun addunyaa irratti biyya duroomtuu taateetti.

Guddinni Jaappaan keessatti mul’ate kun sababa hawaasi sadarkaa nam-tokkee fi gareetiin murtee siyaasaa keessatti qooda fudhatuu fi aadaa teekinooloojii alaa fi kan isaanii waliin qindeessanii (cultural intigiration) itti fayyadamu irraa kan ka’eedha.

4.4.3. Adeemsa Jijjiirama Hawaasaa

Aadaan sirna amalootaa fi barsiifataalee duudhaa hawaasaa kan baroota dheeraa walitti qabamee (collective) beekamedha. Kuufamnii fi walitti qabamni kunniin amaloota gochaa (habits of actions) adda addaa of-keessaa qabu. Amaloonni kunniin gariin isaanii ni baratamu. Gariin isaanii immoo hawaasa irraa dhaalamu. Fakkeenyaaf, Afaan hawaasa tokkoo maatii ykn hawaasicha irraa baratama. Amaloonni biroon immoo gareewwan ykn kutaalee hawaasaatiin kan murtaa’aniidha. Kanaafuu dhaloonni kamiiyyuu amalaa fi barsiifata dhaloota duraan turanii fudhata.

Hawaasni adda addaa haallan ji’oogiraafii fi hawaasaa gara garaa keessatti waan guddatuuf amanloonni akka walii galaatti baratamanis garaagarummaa qabu. Kanaafuu jijjiiramni amala hawaasummaa fi aadaa haala jireenya hawaasaa isa jalqabaa irratti dhiibbaa ni uuma. Haalli jireenya fi sochiileen hawaasaa inni moofaan (turaan) yemmuu hafaa deemu inni haaraan immoo ni jajjabeeffama. Adeemsa kana keessatti taateewwan jijjiiramni irratti muldhatu kanneen akka baay’ina uummataa, naannoowwan ji’oogiraafii uumamaa, sochiiwwaan naannoo adda addaa keessatti godhamu, qunnamtii uummattooa aadaa adda addaa qaban waliin taasifamu, balaa uumamaa fi nam tolchee, waraana, abuurraa (discovery) fi kkf.

Jijjiiramni aadaa adeemsota gurguddoo armaan gadii keessa darba. Isaanis:

  1. Adeemsa argannoo haaraa (innovation)

Argannoon nama tokkoo ykn garee hayyootaatiin amala, yaada, beekumsa fi kkf haaraa kanaan dura hinbeekamiin uumuu jechuu dha. Argannoon karaalee armaan gadiitiin aadaa hawaasaa jijjiiruu danda’a. Isaanis:

  1. Wantoon haaraa argame kun miseensota garee hawaasaa kan birootiin battalumatti fudhatama argata. Argannoowwan haaraan amalootaa fi barsiifatalee kanaan dura irra kan guutummaan guutuutti jijjiirame ykn kan fooyya’e ta’uu ni malu. Garaagarummaan (variations) argamus xiqqoo ta’uu danda’a. Haata’u malee, kuufamni wantootaa argaman yeroo dheeraa keessa guddachaa deemuudhaan amaloota hawaasa naannoo tokkoo kan biraatti jijjiiru.
  2. Argannoon (innovation) invenshinii (invention) ta’uudhaan amala hawaasaa isa moofaa gara haaraatti waan jijjiiruufidha. Argannoowwan teekinooloojii haaraa invenshiniidha.
  3. Argannoo kan biraan immoo amala haaraan hundee qabeessa ta’e yeroo uumamudha. Kunis karaa irra deddeebi’anii yaaluu fi dogongoruutiin (trial and error) irraa kan argamu ta’ee amaloonni moofaan (old habits) hawaasa biratti fudhatama yemmuu dhabuu fi hawaasichi waan haaraa arguu fedhuun furmaata haaraa yemmuu barbaadudha.
  4. Argannoo inni biraan wayita aadaa haaraan hawaasa biroo irraa liqeeffatamu ykn tamsa’u dha. Fkn Afaan Ingilizii uummata Ameerikaatiin dubbatamu uummattoota Ingilizii irraa kan liqeeffatame dha.

     II. Adeemsa aadaa haaraan hawaasa biratti fudhatama argachuu (social acceptance)

Wanti haaraan argame kun aadaatti jijjiiramuudhaaf hawaasa biratti jaalala ykn fudhatama argachuu qaba. Akkasumas hawaasaf qoodamuu (shared) qaba. Sadarkaan hawaasaan fudhatamaa argannoo haarawaa kun akkaataa namni jalqabaa amalicha uume ykn argate irratti hundaa’a. Kana jechuun kabajaa fi ulfinni aadaa haaraa kanaaf kennamu ulfinaa fi kabaja gareen jalqabaa aadaa haaraa argatan (uuman) irratti hundaa’a jechuu dha.

     III. Adeemsa Filatanii fudhachuu fi dhiisuu (Selective elimination)

Wantoonni haaraan argaman kunniin aadaa hawaasaa kan duraa irra caalee yoo argame battalumatti hawaasaan fudhatama. Kan faayidaa qabeessummaan isaa hawaasatt muldhatee hin argamne immoo dhiifamee dhimma biraaf kan ta’u ta’a. Fakkeenyaaf, shaamaan (candles) ibsaa elektiriikaatiin yoo bakka buufameyyuu wayita dhangaawwan adda addaaf (ceremonies) fi dhimma biroof faayidaa kennaa jira.

IV. Adeemsa aadichi jireenya hawaasaa wajjin walsimatu (Integration)

Muuxannoowwan haaraan argaman kunniin jireenya hawaasaa guyyaa guyyaa keessatti fudhatamuu qabu. Aadaa haaraan kun hawaasa keessatt erga fudhatamee fi baratamee booda jireenya hawaasaa irratti jijjjiirama fiduu qaba.

 4.4. Maddoota jijjiirama Hawaasaa (sources of social change)

Maddoonni jijjiirama hawaasaa bakka gurguddaa lamatti qoodamu. Isaanis:

A. Maddoota jijjiirama hawaasaa kan keessaa (internal sources of change)

Maddoota jijjiirama hawaasaa kan keessaa kanneen jedhaman bakkaa gurguddaa sadiitti qoodamu.  Isaanis:

  1. Argannoowwan haaraa (innovations)

Argannoowwan gosoota armaan gadiittitu jir Isaanis:

  1. Teekinooloojii haaraa (New technology)
    1. Aadaa haaraa (New culture)
    1. Caasaalee hawaasaa haaraa (New social structures)
  2. Walittibu’iinsa (Conflicts) kanneen akka sochiilee hawaasaa fi walitti bu’iinsa garee keessaa
  3. Guddina (Growth) kunis guddina baay’ina lakkoofsa uummataa kan ilaaludha.

B. Maddoota jijjiirama hawaasaa kan Alaa (External sources Social change)

Yaadiddamoonni jijjiirama hawaasaa hundi isaanii tooftaalee ykn meekaanizimoota jijjiirama suutaa ibsu. Haata’u malee, jiijjirama kana keessatti duubatti hafiinsi aadaa (cultural lags) ni uumama.

Maddoonni jijjiirama hawaasaa kan alaa bakka gurguddaa afuritti qoodama. Isaanis:

  a. Tamsa’ina (diffusion) Jijjiiramni hawaasaa gosa kanaa kan uumamuyeroo saboota adda addaa gidduutti daddarbuun (transfer) aadaa, beekumsaa fi yaadota fi argannoowwan (innovations)  adda addaa ta’u dha.

 b. Walitti bu’iinsa (Conflict) because of threats of other nations or gunpowder)

 c. Ikooloojikaalaa (hariiroo naannoo fi hawaasaa (interplay between environment & society)

  • 4.4.4. Giloobaalaayizeeshinii fi Aadaa (Globalization & Culture)

Adeemsi giloobaalaayzeeshinii guddaa fi haalaan walxaxaa (complex) kan jijjiirama hawaasaa ariifataa kallaattii hundaan kan uumamaa dhufedha. Yeroo ammaa calaqqeen giloobaalaayizeeshinii kan irratti muldhachaa jiru sochii dinagdee, haala siyaasaa, sirna walquunnamtii, naannoowwan fiizikaalaa fi aadaa uummattoota addunyaa irratti dha. Karaa biraatiin giloobaalaayizeeshinii jechuun neetiwoorkii ariitiin guddachaa fi heddummachaa jiru kan walitti hidhamiinsa fi walgargaarsa (interconnection and interdependencies) jireenya hawaasummaa ammayyaa’aa kan ibsu dha.

­

Yaadinni bu’uuraa giloobaalaayizeeshinii karaa salphaan ibsa neettiwoorkii armaan olii fi hiikkaa isaanii kan xiyyeeffatu ta’ee kallattii yaa’insaa kaappitaalaa, mi’ootaa (commodities), uummataa, beekumsaa, odeeffannoo, yaadaa, yakkaa, faalamaa (pollution), faashinoota adda addaa, dhukkubaa, amantiiwwanii fi kkfn daangaalee addunyaawaa irratti qaban kan agarsiisu dha.  Sirni quunnamtii (connectivity) kun karaa biraatiin jireenya dhala namaa guyyaa guyyaa wajjin kan wal qabatuudha.

Biyyoota guddatan keessatti sochiilee sasalphaa fi xixiqqaa uummattootaa keesssatti kan muldhatan dha. Sirna teekinooloojii walquunnamtii keessatti bilbilli socho’u (mobile phone), kompiyuutarri, iimeeyilii, interneetii, akkasumas naannoo uumamaa keessa jiraannu, nyaata nyaatamu, tooftaalee dhalli namaa jireenya isaa ittiin geggeeffatuu fi bashannana (entertainment) dhali namaa godhu kanneen akka mana sinimaa ilaaluu, teleeviizyinii fi kkf  keessatti duuhaalee fi sochiin aadaa dhala namaa bakka hundatti wal fakkaachaa dhufeera.

Yaaddan akkasii irraa ka’uudhaan namoonni giloobaalaayizeeshiniin addunyaa gara aadaa tokkootti fida jedhanii amanu. Kunis dhiibbaa sirnichi sektara dinagdee irratti qabu biyyoota addunyaa irratti walfakkaachaa fi sirna qindoomina waliinii (integration) uumuu isaati. Baroota darban keessatti dhimmoonni dinagdee fi hawaasummaa naannoo jiranitti of danda’anii (independent) kan dhaabbatan turan. Akka Roland Robertson (1992) tti giloobaalaayizeshiniin iddoo tokkotti (single space) fida.

    Fakkeenyaaf:

  • Dhimmoonni dinagdee biyyota addunyaa gara sirna dinagdee gabaa bilisaa fi kaappitaalizimiitti (free market and capitalist economic systems) kan walabummaa biyyootaa mulqu.
  • Dhiibbaa adeemsa industriiwwan naannolee naannoo uumamaa irratti qaban hatattamaan gara rakkinoota addunyaa (gilobal problems) ta’aa dhufu.

Haata’u iyyuu malee sirni walquunnamtii uummattoota addunyaa kun cimaa yemmuu deemu addunyaan gama siyaasaa fi dinagdeetiin tokkummaa’uu fi mandara tokko ta’aa akka dhuftu taasisa. Dhiibbaa giloobaalaayizeeshinii kallattii hundaan addunyaa mara qaqqabaa jiru irratti dabaluudhaan namoonni yeroo ammaa sirnichi sadarkaa namtokkee pilaaneetii kana irra jiru akka qaqqabu ni dubbatu. Haalli faca’iinsaa (spreading) isaa irratti tireendiin ittiin gara hawaasaa fi dinagdee akkasumas aadaa uummataa gosa adda addaa bakka tokkotti fidaa jiraachuun isaa hubatameera.

Kanaafuu, yaadinni giloobaalaayizeeshinii haalaa fi adeemsa walfakkaataa hin taaneen bakka yaa’iinsaa kuufamni fi heddumminni guddaa bakka yaa’iinsi xiqqaa fi tasumaa hin jirretti suuta suutaan walfakkeessaa akka jiru aadaan uummataa yeroo yeroon jijjiiramaa ni muldhisa.

Hubannoon har’a aadaa giloobaalaayizeeshinii irratti jiru soda sirnichi uummattoota addunyaa irratti fidu tokkummaa (unity) osoo hin ta’iin walfakkeenyummaa (uniformity) aadaa ta’uu isaati. Tokkummaa fi walfakkeenyi (homogenization) aadaa kun immoo sababa injifannoo (triumph) sirna dinagdee kaappitaalizimii irraa kan madde dha.

Yaadinni ammayyaa’aan giloobaalaayizeeshinii irratti jiru adeemsichi kan hinhafnee fi eenyu iyyuu adeemsa kana jalaa mliquu kan hindandeenyee fi bifa aadaa impeeriyaalizimii (sirna dureeyyii) kan qabu dha.Giloobaalaayizeeshinii kana waliin aadaan warra dhihaa keessuma tti iyyuu aadaa Ameerikaanotaa addunyaa mara irratti haalaan babaldhachaa jira. Aadaan warra dhihaa alatti (non-western) jiru booda ni dhabama jedhamee sodaatamaa jira.

 Aadaaleen addunyaa irratti sababa giloobaalaayizeeshiniitiin faca’aa jiran keessaa muraasni isaanii kanneen armaan gadiiti. Isaanis:

  • Fiilmii muuvii Hooliiwuudii
  • Muuziqaa rookii
  • Mi’oota (goods) dhumataa
  • Nyaata soomaa (fast foods)
  • Dhugaatii lallaafaa kookaa kollaa
  • Sigaaraa Maarlbooroo
  • Maayikiroosooftii
  • Taphoota kubbaa miilaa (premier league, European champion kkf)
  • CNN
  • Huccuu ispoortii Naayikii (Nike) fi kkf

Aadaan akka salphaatti kallattii tokko qofaan hin tamsa’u. Sochiin bakkeewwan aadaa ji’oogiraafii adda addaa gidduu jiru hiikkaa yaadaa, jijjiirraa fi damdamachuu (adaptation) akkasumas kan naannawaa (indegenization) gochuu fi kkf ni barbaachisa.

Walumaa galatti dhiibbaa giloobaalaayizeeshiniin aadaa irratti qabu guddaa fi danuu`dha. Garaagarummaan aadaa kunis amala aadaa ummataa irratti karaa hedduun jijjiirama uumeera. Kanaafuu uummanni akkaataa jireenya isaanii jijjiiruu qabu. Fknf: Beeksisi (advertisement) dhugaatii lallaafaa kookaa kollaa kan daangaa magaalotaa, magaalotaa fi baadiyyaa fagoo bishaan dhugaatii hinqabne keessatti godhamu uummanni naannolee kanaa utuu hinjaallatiin aadaa dhugaatii kookaa akka gabbifatu taasiseera.

Giloobaalaayizeeshiniin sadarkaa duraa irratti adeemsa fedhii ykn ajaja seeraatiin oofamee gara biyyootaatti kan deemuu miti. Akkasumas haallan/faaktaroonni misoomaa kanneen akka teekinooloojii gochaa fi fedhiiwwan dhala namaatiin alatti kan socho’u utuu hin ta’iin sagantaa itti yaadamee hariiroo siyaasaa fi dinagdee biyyoota addunyaa ijaaruuf daandii bu’aa guddisuu (profit maximization) irratti dhaabbileen industirii gurguddoo addunyaa muldhata bu’aa warshaalee mormmii tokko malee (dogma) fudhachuu fi sirna dinagdee gabaa bilisaa fi dhaabbilee dhuunfaa (private enterprises) jajjabeessuu fi adeemsota guddina dhala namaa hunda keessatti hammatu dha.

Adeemsa giloobaalaayizeeshinii keessatti sammuun dhala namaa yaaddanii fi muuxannoowwan haaraa kanneen sonawwan hawaasaa cimsaniin qabama. Kana malees gaaffii akkaataa itti sonawwan duudhaa dhala namaa kan duraanii (indigenous cultural values) yaaddan giloobaalaayizeeshinii haaraa waliin utuu walitti hinbu’iin turan irratti ogeessonni imaammata qopheessan (policy makers) deebisuuf yaaluu irratti argamu.

Akkuma walii galaatti giloobaalaayizeeshiniin yaada haaraa yeroo ammaa addunyaa tokko godhaa jiru ta’ee jiraattota biyya hundaa keessatti argamaniif bu’aa hedduu fi faayidaa guddaa kan qabu dha. Kanaafuu giloobaalaayizeeshiniin bu’uura galma gahiinsa (successful prosperity) fi sochiilee hiyyuummaa irratti godhamaniif seenaa haaraa kan galmeessisu dha.

         Faayidaalee Giloobaalaayizeeshinii

Giloobaalaayizeeshiniin faayidaalee armaan gadii qaba. Isaaniis:

  1. Dorgommii faayinaansiin addunyaa irratti qabu ni cimsa. Dorgommiin kun bakkeewwan gabaa irratti fayyadamtoonni bu’aa gaarii akka argatan gargaara.
  2. Biyyoonni sektara gabaa (market sectors) irratti fooyyee qaban sochii keessa akka galan taasisa. Kana jechuun immoo humni biyya keessa jiru hojii dandeettii fi beekumsa irratti qabu akka hojjetuu fi fayyadamu gargaara jechuu dha.
  3. Fayyadamaan (consumers) yeroo hunda mo’aa isa dhugaa (real winner) dha. Adeemsa giloobaalaayizeeshinii keessatti fayyadamtoonni mi’oota (goods) gatiidhaan baay’ee qaala’oo ta’an (over priced) ta’an akka bitaniif dirqamuu hinqaban. Yaada Kana fakkeenyaan ibsuun yoo barbaachise fayyadamtoonni mi’oota Ameerikaa gatii isaaniitiin qaala’oo ykn mi’aa ta’an utuu mi’oonni Chaayinaa qulqullina walfakkaataa ta’e qaban garuu gatii isaaniitiin rakasa ykn salphaa ta’an jiranii kan Ameerikaa bituu hin qaban jechuu dha. Kana jechuunis fayyadamtoonni mi’a gaarii gatii gariin argatani jechuu dha.
  4. Giloobaalaayizeeshinii keessatti namni hundinuu gara sadarkaa guddinaa isa caaluutti siqa. Biyyoota Chaayinaa fi Hindii yoo fudhanne giloobaalaayizeeshinii dura biyyoota baay’ee hiyyeessota turan. Sadarkaan jireenya dinagdee uummattoota isaanis baay’ee gadhee ture. Haa ta’u iyyuu malee yeroo har’aa uummattoonni kunniin guddina gaarii agarsiisaniiru.

Miidhaa Giloobaalayzeeshinii

   Gloobaalaayzeeshiniin akkuma faayidaa qabu miidhaas ni qaba. Hanqinaalee isaa keessaa    warreen ijoo ta’a warreen armaan gadiiti:

  •   Dorgommii cimaa kaampaanota biyya alaatiif saaxilamuu.
  • Invastaroonni filannoo heddu (biyya heddu) waan qabaniif isaan sana gara biyyaatti harkisuun qabsoo guddaa gaafata.
  • Globaalaayzeeshiniin wantoota daangessaa daldalaa industirii biyya keessaa deeggaru waan kaasuuf warshaaleen biyya keessaa kasaaraaf saaxilamuu danda’u. Keessumaayyuu hawaasa biiyyota duubatti hafanii oomisha biyya ofiitiif ilaalcha gaarii hinqabneef haalaan rakkisaadha.
  • Haalli nageenyaa, birokiraasii, bulchiinsa gaarii, kiraa-sassabdummaa, mirga abbummaa (copy right), tasgabbiin siyaasaa fi kkfn yoo hin mijaatin sirna globalizeeshinii keessatti milkaa’uun hindanda’amu.
  • Damee kaampaanotaa hedddu biyyoota baay’ee keessatti banuun hooggansaaf rakkisaadha, bu’aa qabeessas nama hin taasisu fi kkf dha.

 

 

 

 

 

Kitaabilee Wabii (References):

  •  Ford .c.D. Habitat, Economy and Society London, 1934.
  • Jordan Bychkov & Terry G. (1994). The human mosaic: a thematic introduction to cultural      geography, Harper Collins College Publishers, New York
  • Livingstone D. (1992). The Geographical Tradition. Oxford: Blackwell.
  • Mayhew R. (1998). The character of English geography, c. 1660–1800: A textual approach. Journal of Historical Geography 24.
  •  Sauer.co. “The agency of Man on the Earth” in Thomas, W.L (Ed), Man’s Role in changing the Face of the Eerth, chiog 1956.
  • Whatmore S. (2002). Hybrid Geographies: Natures Cultures Spaces. Sage Publications, London
  • White L.A The Science of Cultture, Newyork, 1949
  • Elliott J.A (1994). An introduction to sustainable Development: The Developing World. 

              Rutledge, New York, USA

  •  Hornby,W.F. and M. Jones(1993) An Introduction to population geography
  • BBO (2001). Ji’ograafii Diinagdee, Mujula Barnootaa (Maateeriyaalii hinmaxxanfamin)
  • BBO (2001). Ji’ogiraafii Ummataa,           >>                                      >>                                                >>
  • KBBDambi Doolloo (2002)- Ji’ograafii Aadaa,     >>                    >>                                               >>
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.