Sociological Perspectives on Teaching and Learning – TECS 222

SEENSA MOOJULICHAA (Module introduction)

Moojulli kun akka waliigalaatti kan irratti xiyyeeffatu dhimmoota hawaasaa kan akka hiyyummaa, sochii maatiin mana barnootaa keessatti taasisu, dhomma koorniyaa, eenyummaa, amantaa, fi kkf  barnoota keessattit fi adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti hawaasa jijjiiruun akkaataa ummata faayidaa qabeessa taasisnu irraatt hubannoo kan uumuu fi irraa fayyadama hawaasaa mirkaneessuu keessatti iddoo guddaa qaba jeddhamee kan qophaa’ee dha.Dabalataanis kallatti barnoonno biyyaa keenyaa irratti  xiyyeeffachuu qabu adda baasuun qabiyyee barnootaa adeemsa baruu fi barsiisuu keessattti jijjiirama bu’aa qabeessa ta’e fiduu irratti kan xiyyeeffatee qophaa’ee dha.Gama biraatiin barsiisaan daree keessatti aadeffannaan gara garaa fi sadarkaan barattootaas ta’ee kan maatii isaanii hubannoo keessa galchuun barsiisuuf ogummaa isaa ni cimsata jedhameeti qaphaa’e.Kanaafi yaad-hiddamoot  garagaraa  xinxaluuf yaaliin taasifamee jira.

Moojulli kun boqannaa afur kan qabu dha. Boqonnaan duraa bu’uraalee hawaasummaa baruu fi barsiisuu kan jedhu yommuu ta’u kunis yaad-hiddamoota adda addaa waabeffachuun barnoota ija hawaasummaa ta’een ilaaluun akka danda’amu,boqonnaan lammataa wantoota ijoo (major themes) barnoota dhimmota hawasummaa kan irratti xiyyeeffatus waa’ee eenyummaa,aadeffannaa garagara,wal-qixxummaa fi waliin ga’iinsa barnootaa iratti hubannoo kan kennu ta’a.Boqonnaa sadaffaan  barumsaa fi hawaasa kan jedhu yommuu ta’u walitti dhufeenya hawaasaa fi barnootaa bal’inaa keessatti kan ilaallu ta’a.Boqonnaa afraffaan garee wal-makaa barsiisuu irratti kan xiyyeeffatu yommuu ta’u kunis akkuma baakamu mana barnootaa tokko keessas ta’ee daree barnootaa tokko keessa barattoonni hala jireenya adda addaa keessaa dhufan akkan nuqunnamuu danda’an baakamaa dha. kanaafuu nutis barsiisonni sadarkaa tokkoffaa kan giddu gala tasifannee barsiisuun dirqama ta’a jechuu dha.

 

Bu’aawwan barnoota moojulichaa (Module learning out comes)

Leenjitoonni xumura koorsii kanaa booda :-

  • Ilaalcha yaad-hiddama ijoo hawaasni garagaraa barnoota irratti qabu ni beeku.
  • Barattoonni maatii qabeenya adda addaa qabu keessaa dhufuun isaanii dhiibbaa inni barnoota irrattti qabu ni beeku.
  • Walitti dhufeenya qabiyyeen barnootaa fi adeemsi barnootaa mana barumsaa waliin qabu ni beeku
  • Carraa barnootaa wal-qixxeessuu fi waliin gahuu keessatti gahee ni taphatu.
  • Sirna barnootaa garee adda addaa giddugala taasifatee bocame barbaachisummaa isaa ni hubatu.
  • Karaa barsiisonni matii barattootaa waliin marachuun barattoota hundee irraa hubachuu itti danda’an adda ni baafatu.
  • Barnoota hawaasa giddugala taasifate irratti yaad-hiddamoota adda ni baafatu.
  • Adeemsa baruu fi barsiisuu ykn bakka itti barachaa jiran keessatti aadaan, afaan,amantaa fi kkf adda addaa jirachuu ni beeku.
  • Malli baruu fi barsiisuu (kennaan barnootaa) wal-deeggaruu fi wal-danda’uu irratti hundaayee kan barattoota amantaa,qabeenya,afaan, aadaa fi ka’umsa adda addaa qaban irratti xiyyeeffachuun kaayyoon barnootaa aadeffannaa hunda akka giddugala taasifatu hirmaannaa ni taasisu.
  • Karaa nageenya qabuun amala addaa addummaa barattootaa irratti kan xiyyeeffate karoora ni qabatu.
  • Garaagarummaan akka barattoota gidduutti barnoota isaanii irratti hin uumamane dareen akka mijatu ni taasifama.

Boqonnaa Tokko

Bu’uuralee Hawaasummaa Baruu fi Barsiisuu (Social foundations of teachining and learning)

SEENA (Unit introduction)

Akkam jirtu barattoota, boqqonnaa tokkoffaa kana keessatti dhimmoota hawaasummaa, jijjiirama hawaasaa, fi gahee uummatni mana barumsaa keessatti qabu kan itti xinxalluu dha. Dabalataniis, yaada hiddamoota sosiyooloojii fi faayidaa fi hiikaa barumsa keessatti qabaanis ni barattu. Akkasumaas, hiikaa baruu fi barsiisuu adeemsa hawaasumaatiin wal-qabsiisuun ni ilaaltu. Dhuma irrattiis, yaada-hidamoota sosiyooloojii adda addaa ijoo ta’an adda baafattu.

Kayyoo Boqonnichaa: Barattoota, erga boqonnaa kana xumurtanii booda:

  • Hiika fi yaada-rimee barsiisuu fi barachuu ni himtu
  • Seera bu’uralee barsiisuu fi barachuu ni tarreessitu
  • Yaada-hiddamoota sosiyooloojii barumsaa ijoo ta’aan adda baafattu
  • Faayidaa fi hiikkaan yaada-hiddamoota sosiyooloojjii barsiisuu fi barachuuf qabu ni himtu
  • Faayidaa manni barumsaa hawaasa keessatti qabu ni xiinxaltu

Gochaalee barataa fi barsiisaa                                                    

Gocha Barataa:                                                                                                               

  • Barannoo hordofuu fi qabsiisa qabachuu
  • Gochawaan daree keessatti kennamaan irratti damaqinaan hirmaachuu
  • Madaallii dhunfaa fi hiriyaa gaggeessuu
  • Gareen mari’achuu
  • Duub-deebii barsiisaa fi hiriyaa fudhachuu
  • Muuxannoo ofii fooyyessuuf duub-deebii kennamutti fayyadamuu

Gocha Barsiisaa:

  • Barannoo darbe barattoota yaadachiisuu
  • Barannoo guyyaatiin barattoota wal-barsiisuu
  • Gochaalee barattoonni waliinis ta’ee dhunfaan daree keessatti irratti hirmaatan karoorsuu
  • Garee xixiqqaatti barattoota gurmeessuu
  • Barattoota hojii adda addaa irratti deeggaruu
  • Barattootaaf meeshaalee baruu-barsiisuu barbaachisoo ta’aan dhiheessuu
  • Barattoota bifa adda addaan madaaluu
  • Duub-deebii kennuu
  • Barannoo guyyaa irratti gudunfaa kennuu

Tooftaalee Madaallii

  • Hirmaannaa barattootaa daree keessatti daawachuu fi gaafii afanii kennuu fi doggoggora barattootaa sirreessuu
  • Gochaalee waraqaa barattootaa sirreessuu
  • Battalee kennuu
  • Madaalii dhunfaa, hiriyaa fi garee fayyadamuu

Kutaa 1.1: Maalummaa Baruu fi Barsiisuu (what is teaching and learning?)

  1. Maalummaa Barsiisuu (what is teaching ?)

Gocha 1.1. Muuxannoo keessan irraa ka’uun maalummaa barsiisuu kennaa?

Barattoota, akkuma muuxannoo keessan irraa ka’uun maalummaa barsiisuu kennitan, jechi barsiisuu jedhu namoota adda addaa biratti hiikaa garaagaraa qaba. Hayyoonni adda addaa hiikaa barsiisuuf kennaan keessa isaan muraasni akka armaan gadditti taa’ee jira:

“…….barsiisuun walitti dhufeenya namootaa ta’ee, tokko kan biroo irratti jijjiirama amalaa ykn dandeettii fiduuf dhibbaa gaggeessuuf kaayyefata” (Gagne, 1963a)

“…….adeemsa walitti dhufeenya daree keessatti haasawa barsiisaa fi barataa jidduutti godhamu fi gocha yeroo murtaa’e keessatti raawwatamuudha.” (Amidon & Hunter: 1967)

“…….gocha wal-qunnamtii namni tokko fi ol itti baratuudha.” (Klauer, 1985)

“……..barsiisuun tarkanfii ta’e jedhamee namni biroo akka baratuuf raawwatamuu dha.” (Robertson, 1987)

“Barsiisuun amala barattootaa kara kaayyoo barbaadamutti jijjiiruuf gocha wixineefamu fi raawwatamu dha.” (Clarke)

“Barsiisuun gocha gareen bilchina qabu tokko daa’iimmaan/ijoollee bilchina hin qabne jireenya fuul duratiif qopheessuuf qajeelchuu dha.” (Yoakum & Simson)

Akka armaan olitti hiikaan adda addaa kennameef, jechi barsiisuu jedhu hayyoonni barumsaa faayidaa barumsaa fi ogummaa qabaan irraa ka’uun kara adda addaatiin ibsu. Kanaafuu, jechi barsiisuu jedhu hiikaa murataa’aa tokko hin qabu. Hayyoonni ammayyaa hiikaa barsiisuu kallatiidhaan kennuu caala amala barsiisuun qabu irraa ka’uun hiikaan yoo kennameef irratti waliigalu.

Haaluma kanaan, barsiisuun:-

  • Gocha ykn tarkaanfii dha (An activity or action):- barsiisuun kan adeemsifamu barachuu nama irratti fiduuf gocha raawatamu ykn tarkanfii fudhatamu dha. Garuu, bariisuun dirqama barachuu fida jechuun hin dandaa’amu.
  • Adeemsa (process):- barsiisuun tarkaanfii fi murtii walitti fufaa ta’een raawwatama.
  • Gocha walitti dhufeenya namootati (an interpersonal activity):- barsiisuun kan gaggeeffamu walitti dhufeenya gar-lamee (bipolar) barsiisaa fi barataa jidduutti walqunnamtii gar-lamee (two way communication) barbaada. Kun barsiisuun adeemsa gar-tokkee akka hin taane nutti agarsiisa.
  • Kan itti yaadame dha (intentional):- barsiisuun kayyoo galmaan gahuuf itti yaadamee karoorfamee fayidaa tokko argamsiisuuf (barachuu barattootaa safisiisuuf) kan adeemsifamu dha.
  • Artii fi Saayinsii dha (art and science):- akka hayyuu (Silverman 1966) ibsutti, barsiisuun amala artii fi saayinsii qaba. Barsiisuun Artii dha yoo jedhamu, dandeettii waa uumuu barsiisaa kan barbaadu ta’uu isaati. Barsiisuun saayinsaawaadha yoo jedhamu, ogummaan barsiisuu shaakala fi saayinsii mala barsiisuu barachuun akkuma ogumoota biroo adeemsa barumsaa fi qorannoon dagaagfachuu kan dandaa’amu ta’uu isaati.
  • Kara idilee fi al-idileetiin gaggeeffama (both formal & informal):- barsiisuun kara idileen gaggeeffama yoo jedhamu itti yaadamee karoorfamee bifa qindaa’een kayyoo murtaa’e tokkoof barattoota qopheessuuf barsiifamuudha. Barsiisuun kara al-idileen gaggeeffama yoo jedhamu, osoo hin karoorfamne fi hin caasefamne adeemsa jiruu hawaasummaa keessatti muuxannoo fi beekumsa namoota fi naannoo keenya irraa argamuudha.

Fakkeenyaaf ijoolleen maatii fi hawaasa keessatti guddatan irraa aadaa, amantii fi dudhaalee adda addaa ni baratu. 

Akka waliigalaatti, amaloota barsiisuu armaan olitti ibsamaan kana bu’uura godhachuun hiikaan barsiisuu adeemsa walitti dhufeenya barsiisaa fi barataa jidduutti godhamu fi barachuu barattootaa saffisiisuuf gocha ykn tarkaanfii wixineeffamee gaggeeffamu ta’uu hubachuun nama hin dhibu. Barsiisuu fi barachuun akka saantima tokko fuula lama qabuutti ilaaluun ni danda’ama. Kana jechuun namni tokko barsiise kan jedhamu tarkaanfiin isaa jijjiirama amalaa nama baratu irratti kan fide yoo ta’e qofa. Kanaafuu, adeemsi barsiisuu bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatuf bu’uurri isaa barachuun maal akka ta’e fi akkamitti dhufuu akka dandaa’u hubachuun murteessaa dha. Kanatti ansuun, maalummaa barachuu ni ilaaltu.

Gocha 1.2. Hiikaa ati muuxannoo kee irraa kaatee barsiisuuf kennite hiikaa barsiisuu armaan olitti ibsame waliin wal-simaa?

1.1.2Maalummaa Barachuu (what is learning ?)

Gocha 1.3. “Waa’ee mata duree tokko baratteerta” yoo jedhamu maal jechuu akka ta’e ibsi?

Akkuma maalummaa barsiisuu armaan olitti ibsuuf yaalametti galmi dhumaa barsiisuu barachuudha. Barachuun jijjiiramni nama tokko irratti akka dhufu gochuudha. Jijjiiramni kuniis, dandeetti/ogummaa haarawa dagaagfachuu, beekumsa haarawa hubachuu, fi ilaalacha haarawa gaarii fi faayida qabeessa ta’e dagaagfachuu dha. Jijjiiramni barachuun dhufu kun tasaan ykn uumamaan guddachuu qaama namaa irratti dhufu qofa jechuu miti. Barachuun jijjiirama amalaa hamma tokko yeroo dheeraaf turu (relatively permanent change) fi jijjiirama itti yaadamee fi faayidaa qabeessa ta’e barachuun argamu jechuudha.

Kara biroon, barachuun osoo itti hin yaadamiin fi faayidaa qabeessa ta’e fi hin taanees tasaan baratamuu ni dandaa’ama. Barachuun kara hin karoorfamne fi tasaan dhufu kunniis namni tokko naannoo fi hawaasa keessa jiraatu keessatti jiruu fi fedhii ofii guuttachuuf yeroo socha’u wanta isa/ishee qunnamu irraa kara qaamoolee miiraa fayyadamuun barumsa argamuudha.

Fkf, daa’iimni ifaa/dungoon nama gubuu isaa kan hubataan tasa tuquun ta’uu dandaa’a. Hableen qara qabu nama muruu isaa kan hubataan erga tasa of muranii booda ta’uu dandaa’a. Haala tasa ta’een waa’ee naannoo ofii barachuun yeroo tokko tokko miidhaa fiduus ni dandaa’a.

Akka waliigalatti, barachuun hundi elementoota waa’ee dhimma tokkoo keessoo keenya keessatti maal akka ta’e fi maaliif akka ta’e yaadachuu fi hubachuun fuulduraaf daraan dhimmicha kara fooyya’aa ta’een fi bifa addaatiin beekuu fi hojjachuu dandaa’uu dha.

Gocha 1.4.  Himoota armaan gadii keessaa kamirratti waliigalta? Maaliif? 

  1. Barsiisuun barachuu malee raawatamuu ni dandaa’a?
  2. Barachuun barsiisuu malee dhufuu ni dandaa’a?

Kutaa 1.2. Seera Bu’uuraalee Baruu fi Barsiisuu Ga’umsa qabu (Basic principles of effective teachining and learning)

Barattoota, mata dureewwaan armaan olii keessatti yaada rimee baruu fi barsiisuu akka hubattan ni amanama. Kutaa kana keessatti seera-bu’uuraalee baruu fi barsiisuu gahumsa qabu maal akka fakkaatu ni barattu.

Adeemsi baruu-barsiisuu sirrii ta’e fi kaayyoo yaadame bira akka geesisuuf amala fi ulaagaa murataa’e tokko guutuu qaba.  Amlaoota fi ulaagaa guutuu qabu kana yoo guute galma taa’eef sana argamsiisuu danda’a. Amaloota kana hubatanii itti fayyadamuun adeemsa baruu-barsiisuu daraan kan foyyessuudha. Amaloota kanas hayyoonni barumsaa seer-bu’uuralee baruu barsiisuu irratti waliigalan fi hojiirra oolaa jiruudha. Seera-bu’uuraleen baruu-barsiisuu kuniis amaloota armaan gaddii qabu.

  1. Adeemsa baruu-barsiisuu milkeessuuf beekumsi barsiisaa gosa barnoota barsiisuu irratti qabu murteessa dha.

– Barsiisoonni gosa barnoota barsiisaan irratti beekumsa gaddi fageenya ta’e qaban barannoo barsiisaan haala gahumsa fi bu’a qabeessa ta’een

  • Barannoo ni qindeessu
  • Barumsicha muuxannoo barattootaa waliin wal-qabsiisuun ni barsiisuu
  • Fakkeenyoota gaarii kennuun barumsicha daraan ifa godhu
  • Odeeffannoo waqtaawaa kennu
  • Dhimoota barattootaaf faayidaa qabeessa ta’e irratti xiyyeefatan.
  • Hirmaanaan si’aawaa barataa barachuuf murteessadha.
  • Barachuun adeemsa barattoonni si’aayinaan wanta haarawa barachuu fi meeshaalee haarawa fayyadamuun muuxannoo duraan qabaanii fi jiruu guyya guyyaa isaanii waliin wal-qabsiisuun hubachuu barbaada. Adeemsi si’aayinaan hirmaachuu kunniis tooftaalee damaqinaan barachuu daree keessatti marii, shaakala, yaalii gaggeessuu, waliin ta’uun piroojektii hojjachuu, qorannoo gaggeessuu fi kkf. Akka hayyuu “William James” jedhutti barsiisuun muuxannoo fi hirmaannaa barattootaatiin hin daboolamne akka dungoo bishaaniin guutaniiti, bu’aan isaa ifaa argachuu hin dandeesiisu.
  • Walitti dhufeenyi barataa fi barsiisaa barattoota hirmaachisuu fi onnachiisuu keessatti murteessadha.
  • Walitti dhufeenyi barataa fi barsiisaa kallatiniis ta’ee al-kallattiin jiraachuun adeemsa barumsaa keessatti barattootaa si’aayina fi onnachiisuun barsiisuuf qabatamtoota murteessa fi baayy’ee barbaachisaadha. Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti barsiisaan dandeettii barattootaa adda baasee beekuun iddoo hanqina beekumsa barattoonni qaban beekuuf waan dandeesisuuf barachuu barattootaa dagaagsuuf carraa kenna.
  • Barattoonni barachuu ofiitiif itti gaafatamummaa yoo fudhatan caalatti fayyadamoo ta’u.
  • Barachuun barattootaa bu’a qabeessa ta’uu kan dandaa’u adeemsa barachuu keessatti ofiin itti gafatamummaa yoo fudhataniidha. Ciminni barsiisaa barachuu barattootaa saffisiisuf murteessaa yoo ta’u, garuu, barachuu barattootaaf wabii ta’uu hin danda’u. Sababiin isaas beekmsi dhuunfaa ofiin kan ijaaramu ta’uu isaati.
  • Akkaata barachuu adda addaatu jira
  • Barachuun barattootaa kallatii adda addaatiin dandeetti isaani irratti hundaa’uun hojiirra oola. Hanqina fi cimina barataa tokko takkoon beekuun akkaata fedhii barachuu barattootaatiin barumsa kennuuf dandeesisa. Adeemsa barachuu kana hubachuun hojiira oolchuun barumsa bu’a qabeessa taasisa. Kanaafuu, barsiisaan gochoota adda addaa daree keessatti barattoota hirmaachisu karoorsuun barachuu isaanni bu’a qabeessa gochuu qaba.
  • Wanta ol’aanaa ta’e hawwi, bu’aa ol’aanaa galmeesista
  • Kana jechuun barsiisaan barattoonni hundi dandeettii isaanii irratti hundaa’uun barachuu ni dandaa’an jedhee kan yaadu yoo ta’e, jijjiirama barattoota barsiisuu hunda irratti akka dhufu caraqqii gochuu danda’a. Barattoonnis akkasuma wanta tokko hojjachuu fi barachuu ni danada’a jedhanii ofitti amantummaa fi kutannoo kan qabaan yoo ta’e barumsa isaannii injifannoon keessa bahuu ni dandaa’u.
  • Barachuun adeemsa wal-deegaruu fi waliin hojjachuu barabaada.
  • Barumsi bu’a qabeessa ta’uu kan dandaa’u barattoonni haaloota wal-deeggaruu fi waliin hojjachuun yoo jiraate dha. Barumsi adeemsa hawaasummaa waan ta’eef yaada ofii bilisaan wal-jijjiiruu fi wal-irraa barachuun beekumsi keenya akka babal’atu fi gadi fageenya qabu taasisa.
  • Meeshaalen itti baratamu hiika qabeessa ta’uu qaba.

Meeshaaleen adeemsa barachuuf dhiyaatan sirriitti kan qinda’aan, salphaatti kan irraa baratamuu danda’u, muuxannoo fi fedhii barattootaa waliin kan wal-simaan ta’uu qaba.

  • Adeemsi baruu-barsiisuu kan cimuu dandaa’u duub-deebii sirrii ta’e walii kennuun yoo jiraatedha.
  • Adeemsi barachuu fi barsiisuu keessatti duub-deebii walii kennuun yoo hin jiraanne barsiisaas ta’ee barataan adeemsa ofii fooyyaffachuuf carraa hin argatan. Duub-deebii yeroo isaa eeggate walii kennuun barataanis ta’ee barsiisaan hanqina isaanii akka foyyeffataan gargaara. Duub-deebii qeeqa ijaarsa gaarii ta’e (positive critisim of feedback) kennuun barattoonni barumsa isaanitti akka si’aawan fi ciman carraa kenna. Kara biroon, barsiisaniis hanqina ofii salphaatti fooyyeffachuuf dandeesiisa.
  • Duub-deebii qeeqa qabu kennuu
  • Duub-deebii qeeqa qabu kenuun barattoonni raawwii hojii isaanii irratti filannoo adda addaa akka barbaadaniif faayida qabeessa ta’a. Kun kan ta’uu danda’u wanta raawatani irratti qeeqaman sana kara birootiin akka hojjataan ykn yaaduu dandaa’an fi filannoo adda addaa akka ilaalan kan dandeesiisu yoo ta’e qofa.
  • Hamma yeroo fi humna barumsaaf oolchineen barachuun keenyaa murta’a.
  • Barattoonni yeroo fi humna isaanii sirna barnoota baratamuuf bifa karoorfame fi qindaa’een akka oolchaan barsiisaan deegaruu qaba.

12.Muuxannoon adeemsa barsiisuu ni fooyyeessa.

  • Muuxannoon barsiisaa bu’a qabeessummaa barsiisuu isaa waliin kan wal-qabatee dha. Barsiisoonni yeroo kara yerootti adeemsa barsiisuu keessatti duub-deebii argachaa dhufan haala yeroo waliin of-foyyeessaa deemuun isaan hin rakkisu.

Gocha 2.1.

  1. Seera-bu’uuraalee baruu-barsiisuu armaan olii kana cimina fi hanqina yeroo ammaa qabdu waliin wal-bira qabuun hiriiyoota keessan waliin irratti mari’aadhaa?
  2. Seera-bu’uuralee kana akkamitti akka itti fayyadamtaan ibsa irratti kennaa?
  3. Hawaasni adeemsa baruu-barsiisuu bu’a qabeessa akka ta’u haala kamiin gumaachuu dandaa’an jettee yaada?

Kutaa 1.3. Yaada-Hiddamoota Soosiyooloojjii Gurguddoo Ta’an fi Faayidaa Barumsa Keessatti Qaban.(Major theories in sociology and their implication in educational settings)

1.3.1. Soosiyooloojjii Barumsaa (Sociology of Education)

Barattoota, maalummaa soosiyooloojjii barumsaa ilaaluun dura hiikaa soosiyooloojjii haa ilaallu. Jechi ingiliffaan “sociology” jedhu hiddi isaa jecha Giiriik lama “socius” hiikni isaas uumata kan jedhu  fi “logos” hiikni isaa qo’achuu kan jedhu irraa dhufe. Iddoo tokkotti walitti qabaan yoo ilaalamu soosiyooloojjiin saayinsii dhimma ykn walitti dhufeenya hawaasaa kan qo’atu jechuu dha.

Soosiyooloojjii barumsaa jechuun jiijjiirama hawaasaa kara barumsaatiin dhufu kara saayinsaawa ta’een dame barumsaa xiinxaluu dha. Akka ilaalcha soosiyooloojjii barumsaatti, barumsi bifa idileeffame fi qindaa’een adeemsa hawaasni tokko beekumsa fi safuu isaa dhaloota kara dhalootatti ittiin dabarsuudha. Dhimmoonni soosiyooloojjiin barumsaa irratti xiyyeefatus walitti dhufeenya barumsaa fi gita hawaasaa (social stratification), gahee madaqsuu (socialization role), guddina diinagdee (economic development) fi aadaa hawaasaa (culture) qo’achuu irratti ta’a.

Akka hayyoonni barumsaa ibsanitti, sirnni barumsaa calaqqee uummata tokkoti. Kana jechuun, dhimmi barumsaa hawaasni tokko deebisee akka of-uumu (reproducation) dandeesiisuu dha. Kunnis ta’uu kan dandaa’u barumsi aadaa, safuu fi dudhaalee, fi amantaa hawaasaa dhalootatti dabarsuun eenyummaa isaa itti fuufsiisuuf of-uumuuf dhimma itti bahuudha. Kanaaf barumsi meeshaa hawaasni tokko hawwii fi fedhii isaa eegsifachuuf dhimma itti bahudha.

Kara biroon, barumsi dandeettii dhunfaa irratti hundaa’uun (meritocratic role) lammii gita hojii adda addaatiif calaluuf oola. Kunnis adeemsa sirna barnoota biyya tokko keessatti barattoonni akka baratan gochuun dhumma irratti qorumsa biyyooleessaa kennuu fi wal-dorgomsiisuun barattoonni dandeettii qabxii galmeessisan irratti hundaa’uun sadarkaa fi gahee hojii adda addaa irratti qooda akka fudhachuu danda’aan calalee adda baasa jechuu dha. Fkf, barataan qabxii ol’aanaa galmeesise barumsa yuniversitii beekumsa ol’aanaa barbaadu fi damee ogummaa cimaa ta’e akka baratu (fayyaa, injinara…) ta’a. Namni qabxii jiddu-galeessaa galmeesise barumsa kolleejjii damee ogummaa jiddu galeessa ta’e akka baratu ta’a. Barataan qabxii gaddi aanaa galmeesise hojiilee humna/ogummaa harkaa/ irratti leenji’ee akka hojjatu ta’a. Haala kanaan barumsi gita hawaasaa garagaraa uuma jechuudha. Kafaltiin argatus dandeettii fi sadarkaa barumsaa irratti hundaa’uun kan qoodamu ta’a jechuudha.   

Barumsi hamilee gaarii ta’e sammuu daa’immanii keessatti ijaarufis ni tajaajila. Barumsi hamilee (moral education) watoota sadi of-keessaa qaba. Isaaniis, amala gaarii (discipline), walitti dhufeenya gaarii uumuu (attachment), fi itti gafatamummaa dhunfaa fudhachuu (individual responsibility) dha. Akka waliigalatti, barumsi daa’iima tokko akkamitti hawaasa keessatti gahumsaan jiraachuu akka danda’uuf meeshaa hamilee gaarii itti ijaarudha.

Akka hayyuu “Karl Marx” fi “Max Weber” kaa’anitti, barumsi amala siyaasaa, seeraa fi sirni barumsaa hundi bu’aa gita hawaasaa fi bu’uura dinagdee qaba jedhanii amanu. Akka ilaalcha isaanitti barumsi meeshaa bu’uura dinagdee deebisanii itti uumanii dha. Akka “Weber” jedhutti, yaada-hiddamoonni gita hawaasaa qaamoolee sadi qaba jedha. Isaaniis, walitti dhufeenya gabaa fi dinagdee (economic relations to the market), itti gaafatamummaa hawaasaa (status such as honor or religious), fi angoo siyaasaa (affilation of political power) ti. Akka waliigalatti, gitni hawaasaa (social stratification) bu’uurri isaa walitti dhufeenya qabeenyaa (wealth), kabajaa fi ulfina hawaasaa qabachuu (prestige), fi angoo (power) dha.

1.3.2 Yaada-Hiddamoota Soosiyooloojjii fi Barumsa (sociological thiories and education)

Barnoonni jiruu ilma namaa keessatti damee baayy’ee barbaachisaa ta’eedha. Barumsa gaarii ta’e malee jireenyi ilma namaa rakkisaa ta’a. Faayidaa barumsi jireenya uummataa fooyyesuuf qabu hubachuuf kan nu gargaaran yaada-hiddamoota sosiyooloojii ijoo ta’aan sadi jiru. Isaniis:-

  1. Yaada-Hiddama Caaseefama Hariiroo Hawaasummaa (Structural Functionalist Theory)

Akka ilaalcha yaada-hiddama caasefama harooroo hawaasummaatti, hawaasni tokko caasefama sirnaawaa adda addaa irraa kan ijaarame fi hariiroo walitti hidhata qabuun waliin faayidaa uummataa eegsiisuuf kan hojjatanii dha. Caasefamni dhaabbilee hawaasaa fi gurmaa’insi adda addaa kun tasgabbii fi tokkummaa hawaasaa eegsiisuuf kan waliin hojjataan ta’a. Caasaa fi gurmaa’insi dhaabbilee hawaasaa kuniis, fayyaa, qonna, tajaajila bishaanii, daandii, geejjiiba, amantii, seera, maanguddoo, dargaggoo, daa’iimman, maatii, saboota, barnoota, poolisii fi kkf. Qaamoota fi dhaabbilee hawaasaa kanneen alatti tasgabbii fi tokkummaan hawaasaa jiraachuu hin dandaa’u. Qaamonni hundi faayidaa hawaasaa eegsiisuuf waliin hojjatu. Qaamoolee hawaasaa kana akka qaama namaa (human organ) goonee ilaaluu ni danda’aama. Qamooleen namaa (onnee, sonba, kallee, mari’imaan, ija, narvii…) faayidaa adda addaa kennuun namni akka lubuun turu waliin hojjatu. Qaamni tokko yoo midhame namni sun tasgabaa’ee jiraachuu hin danada’u. Dhaabbileen hawaasumaatis haluma kanaan faayidaa fi tasgabbii hawaasaa eegsiisuuf waliin hojjatu jechuudha.

Fakkenyaaf, maatiin hawaasa keessatti daa’imman dahuu, guddisuu, fi jireenya hawaasaatiif madaqsuu irraa eegama. Mana barumsaa yoo fudhanne faayidaan hawaasa tokkoof qabu, beekumsa, dandeettii, aadaa fi kkf dhalootaaf dabarsuuf tajaajila. Dhaabbata fayyaas hawaasa fayyaalessa ta’e fi homishtummaa irratti tumsu uumuuf tajaajila.

Akka hayyuu soosiyooloojjii “Durkheim” jedhutti, barumsi dhabbilee hawaasaa keessa damee tokko yoo ta’u, faayidaan hawaasa keessatti qabuus:-

  • Aadaa, safuu fi sona hawaasaa fudhatamaa fi faayida qabeessa ta’e sirna barnootaa keessatti galchuun dhaloonni amala gaarii hawaasaa akka dagaagfatu gochuu.
  • Barattoota gabaa hojiitiif (labor market) qopheessuu.
  • Barattoonni akka dandeettii isaanitti gita hawaasaa adda addaatiif calaluun qopheessuu fi namni hundi gahee hojii isa gitu akka raawwatu fi gahee hojii (division of labor) adda qoodachuuf haala mijjeessuu.
  • Tokkummaa uummataa eegsiisuuf aadaa wal-danda’uu, garaagarummaa kara nageenyatiin hiikuu, waliin fayyadamuu fi jiraachuu dagaagsuu, fi kkf dhalootni haaroofni amala kana akka gonfatu gochuu.

Akka yaada-hiddama kanaatti, garaagarummaan gita hawaasaa adda addaa jiraachuun tokkummaa fi tasgabbii hawaasaatiif barbaachisaa fi faayida qabeessa.FKN, Dureessi, hiyyeessi,  qote bulaan, dafqaan bulaan, dhaabbileen amantii, waajjiroonni mootummaa fi miti-mootummaa fi kan birootiis jiraachuun tokkummaa fi tasgabbii hawaasaa eegsiisuuf faayidaa qaban. Kanaafuu, barumsi garaagarummaa gita hawaasa kana eegsiisuu fi itti fufsiisuuf ooluu qaba yaada jedhu kan of-keessa qabu ta’uu isaati. 

  • Yaada-Hiddama Walitti Bu’iinsaa (Confilict Theory)

Akka ilaalcha yaada-hiddama caasaalee hariiroo hawaasummaatti hawaasni caasefamoota gara-garaa fi fayidaa fi tokkummaa hawaasaa eegasiisuuf kan waliin hojjatan irraa ijaarame. Fuggisoo kanatiin, akka yaada-hiddama waliitti bu’iinsaatti, hawaasni caaseefama gareewaan gara-garaa fi fedhii adda addaa qabaan irraa ijaaraman yoo ta’u, fedhii fi faayidaa ofii eegsifachuuf fi qabeenya fi angoo qoddachuuf kan wal-morkaniidha (competing each other for power and resource). Gareen hawaasa carraa jireenyaa garaagaraa, fedhii adda addaa, fayyadamummaa wal-qixa hin taane, humni hiyyeessootaa dureesootaan kan saamamu fi cunqurfamu, olaantummaa fi gadi aantummaan angoo fi qabeenyaa keessa jiruudha. Garaagarummaan kun tokkummaa fi nageenya hawaasaa eegsiisuu caala madda walitti bu’iinsa ta’a. Abbaan yaada-hiddama kanaa “Karl Marx” yoo ta’u, akka ilaalcha isaatti uummani gita hawaasummaa (social class) adda addaa fi tasgabbii hin qabne irraa ijaarame. Gitni hawaasa gara-garaa kun of-tursiisuuf jecha qabeenya murtaa’aa jiru adda qoodachuuf walitti bu’an. Qabeenya kana irraa eenyu hagam argachuu qaba jedhee kan murteessu barumsa. Namni hundi sadarkaa barumsaa isaatiin gahee isaa argata jechuu dha.

Akka yaada-hiddama kanaatti gaheen barumsaa:-

  • Garaagarummaa gita hawaasaa kan itti fufsiisuudha (maintain the statu quo). Kana jechuun ijoollee hiyyeessaa qulqulinni barumsa ijoollee dureessaa argataan waliin waan wal- hin ginnee fi qorumsa wal-fakkaatuun waan calalamaniif ijoolleen dureessaa yeroo baayy’ee qabxii gaarii galmeesisuu fi barumsa damee filatamaa ta’e fi galii gaarii argamsiisu barachuuf carraa argatan.
  • Ijoolleen hiyyeessaa wal-qixxummaa fi haala mijjaa’aa dhabamuu carraa barnootaa osoo hin ta’iin dandeettii isaanii akka of-ceephessanii jiraatan godha.
  • Barumsi hiyyeessi hiyyummaa isaa dureessi durummaa isaa akka itti fufsiisuuf tajaajila.

Akka waliigalatti, yaada-hiddamni kun  maddi walitti bu’iinsa hawaasaa garaagarummaa fedhii, angoo, fi qabeenyaa  ta’a jedhee amana.  

  • Yaada-Hiddama Walitti Dhufeenyaa (Interactionism Theory)

Yaada-hiddamoonni kun amala hawaasaa akka waliigalatti walitti qabee kan qo’atu osoo hin ta’iin, hiikaa fi ilaalchi namoonni dhunfaa wanta tokkoof qabaan irraa ka’uu qaba jedhee amana. Kana jechuun, maalummaan amala hawaasaa kan qo’atamu qabu hiikaa fi mallattoo namoonni dhunfaa aadaa fi eenyummaa ofiif kennaan irraa ka’uuni.  Barumsi bu’aa walitti dhufeenya hawaasaati. Aadaan kan dagaagu hirmaannaa namoonni dhuunfaa aadaa fi eenyummaa isaanni dagaagsuuf qooda keessatti fudhatan fi hiikaa itti kennaan irraa ka’a. Tokkummaan, nageenyi fi faayidaan hawaasa tokkoo kan eegamu namoota jidduutti waliigaltee uumuu irraa jalqaba. Walitti dhufeenyi waliigaltee godhamu kunniis yeroo kara yerootti kan jijjiiramu fi rakkoo isaanii waliin wal-simee kan fooyya’aa deemu ta’uu qaba. Kanaaf, barumsi walitti dhufeenya namoota jedduu jiru akka cimuuf tajaajiluu qaba. 

1.3.3. Deebisanii Bakka Of-Buusuu Hawaasaa (Social Reproducation)

Akkuma beekamu lubbu qabeeyyiin hundinuu sanyii ofii itti fufsiisuuf sirna wal-hormaataatiin deebisanii bakka wal-buusaa fi itti fufiinsa sanyii isaanii mirkaneessu. Haluma walfakkaatuun, akka ilaalcha yaada-hiddama deebisanii of-uumutti, hawaasni tokko sirna deebisee uummata isa fakkaatu uumammu fi eenyummaa isaa itti fufsiisuuf dhaabbilee dhimma itti bahu qaba. Dhaabbileen kunniis, maatii, barumsa, dinagdee, aadaa, amantii fi kkf.

Bakka wal-buusuu hawaasaa yoo jedhamu hawaasni tokko aadaa fi gochoota adda addaa dhaloota harawaaf dabarsuun hawaasa isa fakkaatu uumuu fi itti fufinsa sabummaa isaa mirkaneessaa deemuudha. Fkf, sabni uummata oromoo itti fufinsaan jiraachuu kan danda’u aadaa, afaan, dinagdee, siyaasaa fi gochaaleen oromoon itti beekamu tursiisuu fi dhaloota kara dhalootatti dabarsuun eenyummaa ofii itti fufsiisuu danada’a. Kana jechuun, oromoon deebisee hawaasa oromoo isa fakkaatu uummaa bakka of-buusaa fi itti fufinsa eenyummaa isaa mirkaneessaa deema jechuudha. Adeemsa akkanaa keessatti barumsi gahee ol’aanaa qaba.

Dabalataan, dhaloonni haarofni dhaloota darbe irraa wantoonni akkuma jirutti dhaalu akkuma jiru hunda jijjiiramni haarofnis uumamaa deemuun isaa kan hafuu miti. Yeroo ammaa kana jijjiiramoonni teeknooloojjii, siyaasaa, amantii, dinagdee fi walitti dhufeenyi hawaasni tokko hawaasa biroo waliin qabu saffisaan jijjiiramaa si’a dhufeef adeemsa hawaasni tokko deebisee of-uumuu rakkisaa godhaa dhufuu isaati.

Hawaasni tokko deebisee of-uumuu keessatti dhimoonni ijoo ta’an fi gahee taphatan sadi jiru. Isaniis:-

  • Kaappitaala hawaasummaa (social capital)
  • Kaappitaala namaa (human capital)
  • Kaappitaala aadaa (cultural capital)

Kaappitaala Hawaasummaa:- kaappitaalli hawaasummaa kan itti ifu dandeettiin uummanni tokko faayidaa dinagdee waliinii fiduuf oomishtummaa akka dhunfaatis ta’ee akka gareetti guddisuuf waliin hojjachuu fi wal-deeggaruudha.

Kaappitaala Namaa:- beekumsa, dorgomtummaa, dandeettii waa uumuu, aadaa hojii fi kkf akka hawaasaatti ta’e dhunfaan guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee qabachuudha.

Kaappitaala Aadaa:- kun qabeenya miti maallaqaa ta’ee, sochii eenyummaa hawaasa tokkoo kan mul’isu jechuudha. Kunnis akkaataa dubbii, uffataa, muuxannoo jireenyaa, artii, bifa fuulaa fi kkf.

Gocha 3.2.

  1. Walitti dhufeenya fi garaagarummaa yaada-hiddamoota soosiyooloojjii barumsaa gaddi fageenyaan xinxaluun daree keessatti gabaasa hiriyoota keetiif dhaheessi?
  2. Faayidaan yaada-hiddamoonni kun sirna barumsaatiif qabu maali?
  3. Wantoonni adeemsa of-uumuu hawaasa tokkoo miidhan maal faa’i?  Akkamiti?
  4. Yeroo ammaa kana aadaan fi safuuwwaan oromoo dhaloota kara dhalootatti akka hin dabare dhiibbaa gesiisan maali? Rakkoo kana akkamitti ilaalta?
    1. Ga’ee Manni Barumsaa Hawaasa Keessatti Qabu (what are the functions of school in society)

Addunyaa ammayyaa saffisaan jijjiirama kara maraan agarsiisaa jirtu tana keessatti gaheen manni barumsaa hawaasa keessatti qabu baay’ee ol’aanaa dha. Beekumsi saayinsawaa jireenya keessatti ittiin dorgomnee jirachuuf nu dandeesisu kan gonfanu mana barumsaa keessatti.

Jechi Ingiliffaa “School” jedhu jecha Giriik “Skhole” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikaan isaas iddoo/yeroo bashannanaa jechuudha. Bara qaroomina duraa Giriik keessatti manni barumsaa akka jalqabe seenaa barumsaa ni ibsa. Gaheen mana barumsaa yeroo sani iddoo ijooleen gita bittootaa yeroo isaanii bashannaan itti dabarsan fi aadaa hawaasatiif itti madaqan ture. Garuu, yeroo ammaa eessattu manni barumsaa iddoo ijooleen hiyyeesaas ta’ee dureessaa jireenya isaanii fuul duraa mijjeessuuf iddoo beekumsa ol’aanaa itti argachuuf itti dorgomaniidha. Kanaa olittis, akka biyyaatti dorgomaa fi badhaadhina teeknoojjii fiduuf barumsi gahee bakka bu’iinsa hin qabne qaba. Kanatti aansun fayidaalee ijoo manni barumsaa hawaasa keessatti qabu akka armaan gaddiitti taa’ee jira.

  • Adeemsa Madaqinsaa Guutuuf (to complet the socialization process)

Madaqinsa (socialization) jechuun adeemsa daa’iimni tokko guyyaa dhalate irraa kaasee amala qajeelaa namummaa hawaasa keessatti dhalatee jiraatuf madaquu/bocamuu jalqaba. Adeemsi madaqinsaa kun dura maatii keessatti dhalate irraa kan eegalu yoo ta’u, suuta sutaan hawaasa biroo waliiniis wal-qunnamtii gochuun aadaa fi safuu hawaasaa barachaa fi fudhachaa deema.

Beekumsa maatii fi hawaasa keessa argamu qofaan beekumsa jireenya keenyaaf nu barbaachisan hunda argachuu hin dandeenyu. Beekumsa hawaasa keessaa arganu kana guutuu gochuuf mana barumsaa keessatti beekumsi dabalataa nu barbaachisa. Kanaafuu, faayidaan mana barumsaa inni tokko beekumsa hawaasa keessa argamu hirdhuu ta’e guutuu gochuuf fayyada. Manni barumsaa lammii amala gaarii qabu fi dudhaalee hawaasaa gaarii fi faayida qabeessa ta’eef madaqsanii guddisuu keessatti itti gafatamummaa ol’aanaa qaba.

  • Aadaa hawaasaa dhaloota kara dhalootatti eegamee akka darbu gochuu

Hawaasni/sabni kamiyyuu of-tursiisuu fi of-fufsiisuuf aadaa isaa dhaloota kara dhalootatti dabarsuun dhimma filannoo hin qabnee dha. Aadaa jechuun amaloota addaa hawaasni tokko ittiin beekamu fi ifu jechuu dha. Fakkeenyaf, afaan, gosa hojii, sirba, hog-barruu, uffata, safuu, sona, nyaata, teeknooloojjii, fi kkf. Aadaan gocha baratamuu dha. Aadaan kunnis kan baratamu hawaasa keessa jiraanu fi mana barumsaa keessatti. Manni barumsaa aadaa hawaasaa gaarii fi faayidaa qabeessa ta’e tursiisuu, guddisuu, fi dhalootaf dabarsuu keessatti dhaabbilee hawaasaa murteessa dha. Gahee kana manni barumsaa bahachuu fi itti fufinsa sabaa eegsiisuuf tajaajiluu qaba.

  • Sonawaan jireenyaa gaarii ta’e dagaagsuuf

Manni barumsaa sonawaan hawaasaa gaarii ta’e sammuu daa’iimmanii keessatti akka dagaagu gahee isaa bahachuu qaba. Sonowaan kunnis, dhugaa, akka ofitti namaaf yaaduu, jaalala, wal-deeggaruu, gootummaa, ofitti amanamummaa, qusannoo fi kkf, sammuu ijoolee keessatti akka dagaagu barsiisuu dha. Kanaafuu, manni barumsaa barattoonni sansaaka gaarii ta’e akka dagaagfatan barsiisuun gahee hawaasatiif qopheessu qaba.

  • Ilaalcha gaarii ta’e deebi’ee akka ijaaramu gochuu

Kayyoon barumsaa ilaalcha dogoggoraa daa’iimman keessatti dagaage diiguun ilaalcha sirrii ta’een deebi’ee akka ijaaramu gochuu dha. Barumsi amala hamaa ijoolee sirreessuu qaba. Sababoota adda addaatiin sammuun ijoolee keessatti amalli jibaa, of-looguu, inaaffaa, wal-qooduu fi kanneen biroo dagaaguu danda’a. Amaloota sirrii hin taane fi sabaaba maleeyyii (illogical) ta’e kana diigee ilaalcha qajeelaa ta’een bakka buusuun gahee mana barumsaati.

  • Itti gaafatamummaa hawaasaa akka dagaagu gochuu

Akka hayyuu barumsaa “Dewey” jedhutti barumsi adeemsa hawaasummaa yoo ta’u, manni barumsaa garee hawaasaa iddoo adda addaatii walitti dhufuun qabeenya hawaasaa qooddachuun dandeettii dhunfaa daa’iimmanii dagaagsuun faayidaa sabaatiif akka oolchaniif kan itti barsiifamu dha. Kanaafu, barattoonni barumsi baratan gahee hawaasaa adda addaatiif akka qophaa’an fi itti gafatamummaa isaanii bahachuu akka danda’aniif qopheessuu dha.

  • Lammii leenjisuuf

Barumsi daa’iimmaan amala gaarii hawaasaatiif akka madaqan leenjisuu qaba.

  • Jireenya hawaasaatiif wal-simsiisuu

Barumsi daa’iimman rakkoo jireenya hawaassummaa keessatti isaan qunnamuu fuul dura dhaabbachuu fi furuun jireenya hawaasummatiif wal-simanii jiraachuu akka danda’aniif barsiisuu qaba.

  • Leenjii ogummaa adda addaa kennuu

Manni barumsaa barumsaa ogummaa adda addaa barsiisuun lammii adunyaa hojiitiif qopheessuu qaba. Keessattu, barumsi ammayyaa gaheen guddaa irraa eegamu dhaloota teeknooloojjiin badhaadhe fi oomishtummaa keessatti hirmaachuu dandaa’u leenjisuu qaba. Humna namaa gabaan adunyaa ammaa barbaaddu ogummaa horachiisee baasuun gahee mana barumsaatti.

  • Ijaarsa sirna dimookrasii keessatti damaqinaan hirmaachuuf

Akka hayyuun “Dawey” jedhutti, dimookraasiin dhaloota haarawa ammaa hunda dahuu qaba, barnoonni deechiftuu ta’uu qaba. Sonni dimookraasii yeroo daa’iimummaa irraa baratamuu qaba. Kanaafuu, manni barumsaa iddoo sonni dimookrasii keessatti yaaliin gaggeefamu fi waliigaltee hawaasummaa kan itti uumamu ta’uu qaba. Haaluma kanaan, lammii adeemsa hawaasummaa fi siyaasaa biyyaa keessatti akka hirmaatan godhee bocuu qaba. Adeemsi hoggansa mana barumsaa fi baruu-barsiisuu daree keessattis ta’ee alatti hirmaannaa barattootaa kan cimsuu fi dimookraatawa ta’uu qaba.

  • Barumsi miira dorgomtummaa cimsuu qaba

Barumsi ijoolee caalatti aadaa hojjachuu fi dorgomaa ta’uu keessoo isaanitti akka dagaagfatan dandeesisuu qaba. Kanaaf, dandeettii barattootaa sadarkeessuu fi caalatti akka hojjataniif jajjabeessuu fi badhaafamuu qabu.

GUDUUNFAA (summary)

 Jechi barsiisuu jedhu hiikaa murataa’aa tokko hin qabu. Hayyoonni ammayyaa maalummaa baruu kallatiidhaan kennuu caala amala barsiisuun qabu irraa ka’uun hiikaan yoo kennameef irratti waliigalu. Adeemsi baruu-barsiisuu sirrii ta’e fi kaayyoo yaadame bira akka geessissuuf amala fi ulaagaa murataa’e tokko guutuu qaba.  Amlaoota fi ulaagaa guutuu qabu kana yoo guute galma taa’eef sana argamsiisuu danda’a. Amaloota kana hubatanii itti fayyadamuun adeemsa baruu-barsiisuu daraan kan foyyessuudha. Amaloota kanas hayyoonni barumsaa seer-bu’uuralee baruu barsiisuu irratti waliigalan fi hojii irra oolaa jiruudha.

Jechi ingiliffaan “sociology” jedhu hiddi isaa jecha Giiriik lama “socius” hiikni isaas uumata kan jedhu  fi “logos” hiikni isaa qo’achuu kan jedhu irraa dhufe. Iddoo tokkotti walitti qabaan yoo ilaalamu soosiyooloojjiin saayinsii dhimma ykn walitti dhufeenya hawaasaa kan qo’atu jechuu dha. Soosiyooloojjii barumsaa jechuun jiijjiirama hawaasaa kara barumsaatiin dhufu kara saayinsaawa ta’een dame barumsaa xiinxaluu dha. Akka ilaalcha soosiyooloojjii barumsaati, barumsi bifa idileefame fi qindaa’een adeemsa hawaasni tokko beekumsa fi safuu isaa dhalootaa kara dhalootatti ittiin dabarsuudha. Beekumsa maatii fi hawaasa keessaa argamu qofaan beekumsa jireenya keenyaaf nu barbaachisan hunda argachuu hin dandeenyu. Beekumsa hawaasa keessaa argannu kana guutuu gochuuf mana barumsaa keessatti beekumsi dabalataa nu barbaachisa. Kanaafuu, faayidaan mana barumsaa inni tokko beekumsa hawaasa keessa argamu hirdhuu ta’e guutuu gochuuf fayyada. Manni barumsaa lammii amala gaarii qabu fi dudhaalee hawaasaa gaarii fi faayida qabeessa ta’eef madaqsanii guddisuu keessatti itti gafatamummaa ol’aanaa qaba.

 Gaafilee Yaalii

  1. Dhiibbaan uumanni adeemsa sirna barnootaa bocuu, baruu-barsiisuu, fi hoggansa mana barumsaa keessatti qabu maali?
  2. Adeemsi barachuu fi barsiisuun gaarii ta’e ittiin madaalamu maali?
  3.  3.Faayidaan manni barumsaa hawaasa naannoo jiraatuf  kennaa jiru maali?
LEECALLOO BARUU-BARSIISUU) (Reading Materials):

Marsh I. and Keating M. (2006) Sociology Making sense of society. Pearson Education Limited, London.

John Centra et. Al. “A guide to evaluating teaching for promotion and tenure”, 1987, a publication of Syracuse University.

Tiberius & Tipping. (1990) Twelve Principles of Effective Teaching and Learning For Which There Is Substantial Empirical Support, University of Toronto,

T.M. Shermin et.al. “The quest for excellence in university teaching” in the Journal of Higher Education, Vol 58, No 1, 1987, pp.66-84;

Sociology of Education. http://www.questia.com/library/education/sociology-of-education

Sociology and education. http://catalog.tc.columbia.edu/tc/departments/educationpolicysocialanalysis/sociologyandeducation/

0
Created on By admin

TECS 222 Chapter 1 Quiz

TECS 222 Chapter 1 Quiz

1 / 5

TECS 222 1.1. Kanneen armaan gadii keessaa tokko amala barsiisuu miti.

2 / 5

TECS 222 1.2. Barachuun jijjiirama yaadqalbii namoota biroorratti fiduudha.

3 / 5

TECS 222 1.3. Akka soshoolojii barnootaatti hawaasni madda barnootaatti.

4 / 5

TECS 222 1.4. Faankishinaaliizimiif “Durkheim’ yoo jenne, Interaakshiniizimiif maal jenna?

5 / 5

TECS 222 1.5. Gosootni kaappitaalaa ijoon adeemsa hormaata hawaasummaatiif gumaachan meeqatu jiru?

Your score is

The average score is 0%

0%

Boqonnaa lama

2.Wantoota/dhimmoota ijoo barnoota hawaasummaa keessatti (Major themes in the sociology of education)

Seensa booqannaa kanaa

Kaadhimaamtoota barsiisotaa! Boqonnaa tokkoffaa keessatti waa’ee maalummaa baruu fi barsiisuu,seer-bu’uraalee baruu fi barsiisuu gaarii ta’an,yaa-hiddamoota soosiyologii gurguddoo ta’an,fi faayidaa barumsa keessatti qaban,deebisanii bakka of-buusuun maal akka ta’e,faayidaa manni barumsaa hawaasa  keessatti qabuu fi kkf irratti hubannoo argachuu kee abdii qabna. Boqonnaan kun kan isin hubachiisu immoo barnoota dhimma hawaasummaa keessatti wantoota murteessoo (ijoo)  ta’anii dha.Isaaniis waa’ee eeynummaa,ilaalcha waliigalaa aadeffannaa  adda addaa fi akkasumas  beekamtii waliin ga’iinsaa fi wal-qixxummaa mana barnootaa fi daree barnoota keessaatti isaan qaban kan jedhuu dha.

Kaayyoo Barnoota Boqonnaa kana :-

  • wantoota  dhimma  ijoo barnoonni hawaasummaa irratti xiyyeeffatu adda baasuu
  • Barnoota Aaddeffannaa adda addaa giddugaleeffate yaada (conceptual) fi Ga’ee (attributes) ibsuu
  • Garaagarummaa aadaa hawaasaa (socio-cultural) fi qabeenya hawaasummaa (socio-economic) ija baruu fi barsiisuun madaaluu  
  • Barnoota aadaa saba baay’ee giddugaleeffate keessatti dandeettii (dynamisim) dhuunfaa fi gareetiif beekamtii kennuu
  • Walqixxummaa dhabuun (inequalities), addaa addummaan (discrimination) fi xinneessanii ilaaluun (segregation) dhimmi hawaasummaa mana barnootaa keessatti qabu adda baasuu
  • kallattii shanaan barnoonni aadeffaannaa adda addaa giddugaleeffate irraatti xiyyeeffatu tarreessuu
  • Mana barnootaa fi daree keessatti hojii irra oolmaa kallaattiiwwaan (dimensions) kanaa ibsuu
  •  Naannoo mana barnootaa,sirna barnootaa (curriculum) fi daree barnootaan kallattiwwan shanana barnoota aadaa addaaddummaa giddugaleeffaten madaaluu
  • Ga’ee barnoonni aadaa saba baay’ee giddugaleeffate qulqullina barnootaa irraatti  inni qabu ibsuu
  • Hariiroo walittihidhannaa  barnoota aadaa garagaraa giddugaleeffatee irraatti mari’achuu

Tooftaa ykn malli baruu fi barsiisuu boqonnaan kun ittii dhiyaatu

Mallii waliigala barnoonni boqonnaa kanaa ittiin ni dhiyaata jedhamee yaaddame mala shaakallii (Expermental Learning Cycle) ta’ee kan barataan ykn leenji’aan oddeeffannoo funaanuu bilcheessuu,qindeessuu,calaqqee adda addaa gageessuu fi barnoota qabatamaa tasiisuun keessaatti gaggeeffama jedhamee kan yaadamee dha. Akkasumas malli baruu fi barsiisuu si’aatan kan akka sammuu barattootaa dadammaqisuu,gaaffii fi deebii,marii garee,agaree, gahee taphachuu, dhuunfaan dubbisuu fi calaqqee dhiyeessuu,garee xixinoon wal-barsiisu fi od-ibsa gaafiilee fi deebii hirmaachisaaa ta’en fi xiyyeeeffannaa haala itti fayyadama midiyaaleetiin barsiifama jedhamee kan yaadamee dha.

 Ga’ee ykn gocha barataa fi barsiisaa

Gocha barataa

  • Daree keessatti dammaqinaan hirmaachuu,sammuu kakkaasuu fi sagantaa mariii deeggarsa cimaa qabu
  • Mana kitaabaatti fayyadamuu fi ragaalee adda addaa mata-duree kenname irratti qindeeffachuu dhunfaan ykn gareen dareef dhiyeessuu
  • Gochaawwan kennaman iraatti gareen xiqaan mari’achuu fi dareef dhiyeessuu
  • Barnoota hawaasa giddugaleeffate irratti muuxannoo qaban irratti hundaayuun fakkeenya kennuun calaqqee dhuunffaa dhiyeessuu
  • Dhimma hawaasummaa adda addaa walqixxummaa dhaban,midhaa fi addaan ilaaluun  qabu irratti yaada dhiyeessuu
  • Qabiyyee barnootichaa gonfachuu isaanii daree keessatti agarsiisuu
  • Hala baruu fi barsiisuu keessatti aadaan hawaasaa (socio-cultural) fi qabeenyi hawaasaa (socio-economic) gara garaa jirachuu irratti yaada waliigalaa irraa ga’uu 

Gocha barsiisaa

Hala marii garee fi calaqqee barattootaa mijeessuu fi hoogganuu

  • Addaa addummaan saalaa akka hin uumamneetti garee adda addaa fi ittigaafatamaa barattootaa qindeessuu
  • Hordoffii barattootaa mirkaneeffachuuf gaaafilee murteesssoo fi barbaachisoo gaafachuu
  • Qabiyyee barnootaa irraatti kan xiyyeeffate fi hubannoo barattootaa kan cimsu battalleewwan qopheessuu
  • Battalleewwan sororuu  fi duub-deebii battalumatti barattootaaf kennuu
  • Madaallii walitti fufaa irratti hundaayuun jijjiirama akkamtaa (qualitative) fi hammamtaa(quantitative) barattoota biratti mul’ate galmeessee qabachuu

Tooftaa iyyaaffannaan boqonnaa kanaa ittiin gaggeeffamu

  • Sochii fi gocha barattoonni boqonnaa kana keessaatti taasiisan hordofuu
  • Iyyaafannaa walitti fufaa irratti hundaayuun jijjiirama akkamtaa (qualitative) fi hammamtaa(quantitative ) barattoota biratti  mul’ate galmeessuunfii
  • Sirreeffama barreeffama calaqqeewwan dhiyaatan irratti kennuu
  • Battaalle  xumura boqonichaarraa jiru sirreessuu fi duub-deebii battalaa kennuu
  • Calaqqeewwan irratti barattoota wal-madalchisuu
  • Dhiyeessii garee gareedhaan madaluu

Kutaa 2.1 Eenyummaa barnoota (Education and identity)

Barnoota kana erga barattaniin booda:-

  • Sadarkaa mana barnootaa ta’erratti hubannoo kanaan dura qabdan irraa ka’uun waa’ee eenyummaa ni ibsitu
  • Ijaarsa hawaasaa keessatti qabxiilee waa’ee  eenyummaan ykn nama tokkoo maaliin akka ibsamu adda ni baaftu

Bal’inaan hiikkaa eenyummaa (Identity abroad defnition)

Walumaagalatti ciminnii  fi dadhabbinni  nuti hawaasa keessatti mul’isnu  eenyummaa keenyaan kan wal-qabatu ta’a . Jechuunis nuti eenyu jechuun kan of ibsinu dha.Eenyummaan hawaasa tokkoo haala teessuma lafaa,afaan ittiin waliigalan,aadaa fi barmaatilee hawaasa sanaa irratti hundaaya.Walumaagalatti ija kanaan yommuu ilaalamu hawaasa aadaa wal-fakkaataa mul’isuun alatti ,eenyummaan nama tokkoo bifa dabbasaa fi  bifa ijaatiin ykn bifa gogaa isaa waliin walitti dhufeenya tokkollee akka hin qabne ta’uu nutti mul’isa.Akkasumas gama tokkoon akka agarsiistuu qooda fudhataa (belongingness) aadaa hawaasichaa ti.

Shaakala 2.1 Eenyummaan maalii ? Akkamitti ibsama ?Eenyummaan gosa garagaraa ni jiraataa?Eenyummaan kee barnoota kee waliin walitti dhufeenya ni qaba jettee ni yaadda?

Eenyummaa fi barnootaa (Education identity)

Eenyummaan barnootaas akkuma eenyummaa hawaasaa kan ibsu ogummaa,dandeettii,fedhii,hawwii fi ilaacha nuti barnoota irraatti qabnuun walqabatee beekamtii nuti manabarnootaa keessattii fi alatta qabnu hundaan kan ibsamuu dha.Gama biraatiin eenyummaan barnootaa eenyummaa hawaaasaa kan bakka bu’u fi hiriyumaan kan kaayeffatamee osoo hin taa’ne bakka carraa uummata barsiisaa gargaaruu, univarsitoota,maatii fi humna namootaa jabeessuu dha. Kana malees bakka manni barnootaa fedhi barnoota fi jireenya isaanii walqabsiisuun eenyummaan isaanii barnootaan irra caalaa cimee itti  mul’atuu dha.

Akka ogeessa barnootaa tokkootti wanti nutu of-gaafachuu fi hojjechuu qabnu barattoota keenya dhugaa fi akka dandeettii , akkaataa eenyumaa barnootaa itti gonfatan  iraatti sirriitti barsiisuu qabna.Kana gochuu fi maatii fi hawaasni wal-deeggaruun barbaachisaa dha.Kana yoo taasifne barattoonni fedhii barnootaa  waan horachaa dhufaniif maatiin isaanii baasii hin taa’neef hin saaxilamu.Eenyuummaan barnootaa yoo jiraate barattoonnii umrii mana barnoota isaanii irraatti bu’aa qabeessaa waan ta’aniif kaka’umsa horatu.

Eenyummaa barnootaa  cimaa qabaachuun mana barnootaa keessattii fi alattis bu’aa qabeessaa isaan taasisa.Kun immoo barnoota isaanitiin hawaasa biratti fudhatama waan argataniif kutaa lakkaawuu caalatti yuunivarsitii gaarii galanii abjuu isaanii dhugoomfachuuf kan isaan gargaaruu fi jireenya isaanii keessaatti hawwii isaanii galmaan ga’achuuf isaan gargaara.

Waa’ee eenyummaa irratti kan jala sararamuu qabu biyyummaa fi lammummaa ta’ee garuu kun immoo sababaa adda addaatiin jijjiiramuu akka danda’u beekuun barbachisaa dha.Aadaan agarsiistuu saba tokkoo dha.Namni tokko aadaa tokko kan biraatiin makachuu danda’a malee balleessuun akka hin danda’amnee dha . Aadaan sabaa fi sablammonnii adda addaa jiraachuun carraa gaarii dha malee rakkoo garee gurguddoo fi xixinnoo miti. Irra caalaan uummanni sabaaf sablammootaa kan ta’uu qabu aadaa adda addaa wal-simsiisuun bu’aa qabeessa ta’uu dha. Sirni barnootaas ta’uu kan qabu safuu ,aadaa fi  afaan hawaasaa  kan bal’isu; sabaa fi sablammoonnis  aadaa fi afaan isaa barachuu fi babal’fachuutuu  irraa eegama .

Barnootaa fi eenyummaa (Identity and education)

Akka Akerlof fi Kranton (2000) maalummaa eenyummaa gochaa waliinii kan eenyummaa fi amala dhuunfaa akkasumas walitti hirkannaa qabeenyaa waliin qaban irratti yaada bal’aa ibsaniiru.Akkuma moodeela isaanii keessatti ibsanitti tokkummaan akka toora gareetiin jechuunis garee biroo aadaa ofii wal-fudhachiisuu kunis aadaa saba bal’aa deeggaruu fi kabajuuf jecha akkasumas sabni bal’aanis kan ofii wal-fudhachiisuu fi kan garee biroo kabajuu kunis waliigaltee fi jaalala uumuu keessatti bakka guddaa kan qabu ta’a.  Akka yaada Akerlof fi Kranton eenyummaa fi garaa garummaan akkamitti bal’naan hubatame ibsaniiru. Miseensi hawaasaa saba tokkoo aadaa fi safuu isaa kan biroo wajjiin wal-simsiisuu fi wal-danda’uudhaan aadaa isaa guddisuu fi babal’isuu ni danda’a. Haata’uu malee itti barruii fi  safuun tokko tokko  yeroodhaa gara yerootti lafaa dhufuudhaan jijjiiramuu ni danda’a.

Sakatta’inni barruu tokko tokko   akka ibsutti eenyummaa fi barnoonni maalummaa nama dhuunfaa irratti xiyyeeffate fi  bu’aan barnootaa kana irratti  hariiroo faallaa akka waliin qaban ibsa. Akkasumas  akka qorannoon tokko tokkoo ibsutti eenyummaan ofii kan keessi isaa nageenya  gonfatee yoo ta’ee barnoota irraattis bu’aa malee miidhaa akka hin qabne ibsu. Haaluma kanaan Ameerikaa keessattis dhaabbilee adda addaa keessaatti  akkuma warroota adii gurraachonnis qabxii barbaadamu kan galmeessiisan ta’uu ibsu Fordham fi Ogbu (1986). Kun osoo kanaan jiruu goraachota irraatti coqqolloo (harassed) warri adii ofiin jedhan darbee darbee geessisuun hin oolle. Kun immoo garee ofii keessattis ta’ee qabxii barbaadame galmeessisuu keessatti midhaa kan fiduu dha.

Biyyoota dhihaa keessatti har’as eenyummaan lammuummaan wal-qabate bu’aa barnootaa irraatti dhiibbaan sanyiidhaan wal-qabatee bay’naan hin mul’atu.  Sakkata’inni barruu saaykolojii walitti dhufeenya kana akka fudhatanii kan ofii gochuutti (acculturation) ilaala. Kana jechuun kan ofii taasifachuu keessatti aaddefannaa garagaraa , ilaalcha,barmaatilee ,safuu garagaraa walitti fidanii wal-simsiisuudha malee aadaa tokko gatanii kan biraa fudhachuu akka hin taanee dha.

Gama birootiin wal-fudhachiisuu aadaa (acculturation) gareen saaykolojistoota durii akka ibsanitti wal-simsiisuu aaadeffannaa adeemsa kallattii tokkee kan gareen tokko aadaa fi eenyumaa isaa kan biraattii makuu ykn kan garee biraa sana fudhachuu akka ta’eetti ni hubatu turan.

Kallattiin ofitti fudhachuu aadaa kunis kan ilaalamuu qabu akka barruun saaykolojii jedhutti ta’uu qaba. Kunis aadaa saba bal’aatiif xiyyeeffannaan kennamuu yommuu jedhamu wal-simsiisuu fi wal-fudhachiisuu dha malee tokko kuffisanii tokkoo kaasuu miti. Kana gochuuf aadaalee walitti fiduu (integration) walitti dhufeeyna cimaa umuu irraatti kan xiyyeeffate ta’a. Aadaalee wal-simsiisuu (assimilation) kunis eenyumaa cimaa uumuu irratti kan xiyyeeffate ta’a. Kunis garaagarummaan (separation) fi qarqaratti ba’uun (marginalization)  akka hin uumamneef bakka guddaa qaba.

Kana irraa ka’uun eenyuummaan qarqaratti ba’e barnoota irraatti dhibbaa malee faayidaa akka hin qabnetti ibsama.Fakkeenyaaf daa’immaan ilaalcha waliinii yoo horatan gara qabxii gaarii galmeessisuu fi aadaa sabaa fi sablammootaa ofitti hammatanii fudhuu fi akka kan ofiitti ilaalun bu’aa guddaa kan qabu ta’uutu ibsama. Ta’uu baannaanii fi tokko tokko iraatti dhiibbaa kan geessisuu yoo ta’ee bu’aan barnootaa isaas miidhaa kan qabu malee faayidaa qabeessa hin ta’u. Walumaagalatti eenyummaan barnootaaan hin deeggaramnee fi walihiqabanne midhaa malee bu’aa kan hin qabne ta’uu issaa ti.

2.2 Aadaa saba baay’ee hammattoo/giddugaleeffate (multiculturalism)

Barnoota kana erga barattaniin booda :-

  • Aadaa  saba baay’ee hammattoo hala qabatama mana barnootaa waliin wal-qabsiisuun ni ibsitu
  • Amala aadaa saba baay’ee hammattoo hawaasa mana barnootaa keessatti hojii irra oolchuu gargar ni baasuu
  • Sirna barnootaa (curriculum) fi aadaan saba baa’ee hammattoo hariiroo qaban adda ni baafatu
Shaakala  2.2 Waa’ee barnoota aadaa saba baay’ee hammattoo maal jettee yaadda?Dura yaada mataa keetii hega kennitee booda kan saayinsiin jedhuun wal-bira qabuun ibsa itti laadhu.  

Hiika (Definition) Barnoota  Aadaa saba baay’ee  (multicultural Education)

Barnootaa aadaa saba baay’ee jechuun namoota garagaraatiif wantoota garagaraa jechuu dha.Haata’u malee,Garaa garummaan isaanii hamma kanatti bal’aa, wal-xaxaa fi kan wal-mormisiisu osoo hin taane, akka qaamoleen tokko tokko yaadanitti gaffii mirgaa adda addaa, akka wal-hinfaalleessinee gochuun barnoota dabarsuu jechuu dha. Baay’naan garagarummaa akka humnaa fi ogummaatti fudhatanii keessa ofiitii irraatti hojjechuu jechu dha. Hiika isaa irraatti ogeeyyiin dhimma hawasaa (sociology), saaykolojii,ykn ikonomistii hubannaa gara garaa ni qabu. Kana jechuun garee kan gidduu jiru dhimmaa ijoo tokko irratti immoo walii isaan galchiisa.Barnoon aadeffataan hinuu kan garagarummaa akka qabeenyaatti ilaaluu fi bu’aa barnootaaf bakka guddaa qabuutti kan ilaalamu ta’a.

Dameen barnootaa kun akka ogeyyiin barnootaa , qorattoonni fi rawwattootin gama adda addaatiin  ibsanitti ogummaan , siyaasaan,eenyummaan, filosofaroonni,bal’isanii ilaaluu fi ka’umsa malleen baruu fi barsiiuu adda adda of-keessatti kan hammatu ta’a.Haata’u malee qabxilee garagaraa ibsitoota sabaafi sablamummaa fi aadaa garagaraa ibsuuf fayyadamuun barbaachisaa dha.Kanaaf jecha barnoon aadaa saba baay’ee dafee kennamuu akka qabatu irratti fayidaa qabeessummaa fi qabiyyeen isaa murteessaa ta’uu irraatti kan waliigalame.Akka deeggartoonni waa’ee aadaa saba baay’ee irratti ibsaniin gama tokkoon bu’aa eegamu irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u gama biraatiin immoo dhimmota murteessoo waa’ee garee sana qo’atamuu qabu irratti ni xiyyeeffatu.Deeggartoota kanaf waa’een manneen barnootaa xiyyeeffannaa isaanii isa jalqabaa dha. Ammallee gartuun deeggartoota biraa dhimmoota yaaad-hiddamaa fi rawwii addeffannaa garagaraa irraatti ni xiyyeeffatu.Namoonni muraasni eessaa fi maal irraa filachuudhaan waa’ee heddumina aadaaa akkka jalqabamuu qabu irratti yaada ni kennu. Bu’aa qabeessummaan barnoota kanaa ifatti kan ta’ee yommuu ta’uu kallattii adda addaatiin ilaallammee amaloota armaan gadii afran irratti kan xiyyeeffatu ta’uun isaas hubatameera.

1.Ilaacha fi ka’umsa waliigalaa kan uumuu ta’uu

2.Faayidaa waliigalaa kan qabu ta’uu

3.Gocha tokkoof ka’umsa wal-fakkaataa qabachuu irrati kan hundaaye ta’uu

4.Adaa fi eenyummaan garagaraa jiraachuun kan barnoota saffisiisuu malee kan duubatti harkisi akka hintaane

Barnoonni aadaa garagaraa guddugaleeffate yommuu karoorfamu hala murtii kennuu barnotaa irratti kan xiyyeeffate ta’a malee hikkaa tokkoo qofa irratti xiyyeeffatanii ibsuun gaarii hin ta’u.Yaadoleen garagaraa wa’ee barnootaa addeffannaa adda addaa sirritti akka agarsiisanitti xiyyeeffannaa, bal’inaa fi daangaan inni qabaachuu qabu akka hubannaa isaanitti gatii itti kennu.Kunis haala uummata guddugaleeffatee fi uummanni immoo waa’ee barnootaa irratti hubanoo cimaa qabaniin wal-deeggaraa kan deeman ta’uu qaba.kanumaan wal-qabatee hiikkaan barnootaa aadeeffannaa adda addaa kun hega hubatameen booda hijitti hiikamuu qaba.

Akkuma asiin olitti jedhame hiikkaan barnoota aadaa saba baay’ee bal’aa dha.Kaan isaa amala aadaa garee garagaraa irraatti xiyyeeeffata,kaan isaa rakoo hawaasaa irratti xiyyeeffata kanaf immoo humna siyaasaa cimaa qabachuu fi qabeenyaan of-danda’uun barnoota kana hojii irraa oolchuu keessatti bakki guddaan kan kennamuuf ta’a.Akkuma armaan olittti tuquuf yaalame kan bifaa irratti xiyyeeffatu , kan saba bal’aa qofa irratti xiyyeeffatuu fi sabaa fi sab-lammoota dagataman biyyoota guddatan kan akka Ameerikaa keessattu mul’achaaa jiraachuun isaa ifa. Kanaafuu kaayyoon barnoota kanaa fi galmi isaa  sabaa fi sab-lammootni aadaa isaanii giddugaleeffatanii wal-deeggaruun deemuu qaban malee  sanyiin wal-qoqqoodaa deemuun  yoo balaaleffatame barnoonni bu’aa qabeessummaan isaa amanamaa dha. Kun immoo wal-qixxumaa sabaa fi sab-lammootaa kan mirkaneessuu fi bu’aa qabeessummaa barnootaa kan saffisiisu ta’a. Kanaafuu barnoonni aadaa saba baay’ee giddugala taasifate kun  sanyiin wal-qooduu kan balaaleffatu ta’uu qaba.

Kanneen armaan gaditti dheeraman yeroo baay’ee irra deddeebiin barnoota aadaa saba baay’ee  giddugaleeffatee  hiiikuudhaaf  kan fayyadamnuu dha

  • Sochii barnootaa taasifamu keessatti yaada fi adeemsa caasaa barnootaa qabu ta’ee barattoni hundi qabxii gaarii galmeessisuu carraa walqixa ta’ee kan keessatti uumamuu dha.
  • Barbaachisummaa, xiyyeeffannaa, aadaa adda addaatiif kennuun kan dhuunfaan, garee fi akka biyyaatti ilaacha gaarii qabachuu falasama(philosophy) jedhu kan qabuu dha.
  • Sochii jijjiirama bu’uraa kan bu’aa fi baasiin barnoota hundi jechuun gatiin,seerri,sirni barnootaa,meeshaaleen barnootaa,dhaaabbileeeni fi siyaasni mootummaa aadaa hundi keessatti calaqisuu dha.
  • Adeemsa dheeraa ta’ee kan yeroo gaafatu fi humna akkasumas karooraa fi gocha of-eeggannoo ta’ee dha(Banks &Banks, 1993).
  • Filosofii dhaabbata aadaalee fi sirna barnootaa wal-qabsiisu ta’ee bu’ura prinsippilii wal-qixxummaa,wal-kabajuu,fudhannaa fi hubannoo akkasumas haamilee hawaasaa fi mirga hawaasaa eegsisisuu fi eeguu irratti bu’ureeeffata (Baptiste,1979)
  • Barnoota gartummaa hin qabnee kan yaada fi aadaa namoota biroos calaqqisiisu galmi isaa daa’imman tokkummaa irraatti akka xiyyeeffatan jireenya isaaniif daandii kan saaqu fi seenaa addunyaa kan guddugaleeffatee dha (Parikh, 1986,pp.2627)
  • Damee keekumsaa garaagarummaan humna ta’uu issatti amanu,mirga namootaa,seera hawaasaa,fi namni akka barbaadetti jireenya barbaade akka jiraatu qulqullina barnootaa irratti kan xiyyeeffate fi aadaan hundii barbaachisaa fi faayidaa qabeessa ta’uu barattoota hubachuu danda’an horachuu iratti kan xiyyeeffate fi addunyaa hubachuu jechuu dha (ASCD Multicultural Education Commission ,in Grant 1977b,p.3)
  • Mala baruu fi barsiisuu tokko ta’e barnoonni haala dimokraatawa ta’een heddumina aadaa jajjabeessuu  kunis haaala wal-simsiisuun, amantaa wal-qixxummaa barnootaa fudhachuun sirna barnootaa waa’ee sabaa fi sablammootaa irratti hubannaa kan kennu bocuu ta’a (Bennetti,1990)
  •  Dhaabbilee fi gareen adda addaa wal-qooduu balaaleffatan dandeettii gonfachiisuu dha (Sizemore,1981)
  • Falaasamaa barnootaa keessatti hojii irra oolmaan isaa kan argisiisuu qabu wal-kabajuu,heddumina aadaa akka midhaginaatti fudhachuu irratti xiyyeeffachuun gochaa fi seera aadaalee hedduu keessumeessuu danda’u bu’ureessuun barnootaa fi sirna barnootaa madaalaa deemuu dha (Frazier,1977;Grant, 1977)
  • Barnoota bu’ura kan mana barnootaa akka tokkotti hammate barattoota wal-qoqooddaa hunda balaaleffatan daree fi dareeen alatti akka hin uumamne qabsawuu danda’an uumuu ta’a (Nieto,1992)
Shaakala  2.3 Sadi sadiin ta’uun hiikkaa aramaan olitti kenname keessaa akka biyyaa keenyaa fi mana barnootaa keessanitti kan irratii waliigaltanii fi kabajuu qabdan akkasumas ergaan isaa cimaa dha kan jettan irratti yaada kennaa.

Hikkaan garagaraa kenname kun qabixilee hedduu kan waliin qooddatan ni qabu. Deeggarttoonni yaada kanaa eenyummaa kan jajjabeessanii fi aadaalee kabajuu qabeenya waliin qooddachuu fi itti fayyadamuu,rakkoo siyaasa hawaasaa hiikuu fi seenaaf iddoo kennuu ta’a.Aadaan saba baay’ee  filasama barnootaa keessaa tokko ta’ee aadaan adda addaa jiraachuu isaatti kan amanu fi itti xiyyeefatu mala baruu fi barsisuu jijjiirama fidu fi qabiyyee barnootaa murtaawaa kan saganteeffame ta’uu akka qabu ibsa.Barnoonni aadaa garagaraa guddugala taasifte  barnoota baay’ina aadaa akka bareedinaatti fudhachuun barnoota kar-lamee (bicultural) ta’e dabarsuu dha.Sagantaa jijjiirama barnootaa,sirnaa fi shaakala kan gaafatu.Walumaagalatti barnoota keessatti faayidaa hamana hin jedhamne kan qabuu fi daangaa waliigaltee uumuun fedhiin tokkoo tokkoo keenya ka keessatti guutamu dha.

Yaad-rimee aadaa saba baay’ee (The concept of multiculturalism)

Hawaasa aadaa walitti makate humna qabu sanyiin yaaduu irraa walaba kan ta’e kan wal-danda’uu fi garagarummaa amantaa isaa qabatee wal-kabajee garaagarummaa tokkummaa cimaan irratti hundaaye qabaachuu jechuu dha.Akka dirqiin tokkummaa irratti kan xiyyeeffatu osoo hin ta’in garaagarummaan miidhagina ta’uu isaatti kan amanuu dha. Biyyota guddatan keessattis barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifate qabachuun isaanii dafanii daandii guddinaa irra ga’uu fi faayidaa uummata isaanii eegsisuu irratti bu’aa argamsiisee jira.Bal’inaan kan hubachiisu hawaasa aadaa garagaraa qabu keessa waan jirruuf sirni barnootaas garaagarummaa aadaa kana hubannoo keessa kan galfate ta’u qaba.Kaayyoon barnoota kana inni guddaan barattoonni wal-danda’uu fi wal-kabajuu akka shaakalan fi garaagarummaa aadaa jiru kana faayidaaf oolchuu dha.Ergaan isaa inni guddaan jijjirama ilaalchaa fiduu dha.

Kana yoo jedhamu aadaan nyaataa,sirbaa,ayyaaneffannaa,safuu hawaasaa sirritti eegamuu akka qabu irratti waliigaluu qabna.Barnoonni aadaa giddugala taasifate kan carraaqu walitti dhufeenya hawaasaa fi dhaabilee cimsuun jijiirama barnootaan fiduu dha.

Beektoota garagara bira mormiin jiraatus aadaa saba baay’ee hunda ija tokkoon ilaalu jiraachu akka qabu fi kun immoo mana barnootaa irraa eegalee shakalama deemuu akka qabu irratti  waliigalaniiru. Da’immani mana barnootaa keessatti qabxii gaarii galmeessisuuf manni barnootaa hawaasaa fi mana isaan keessaa dhufanf bakka guddaa kennuu qaba. Galmi guddaan barnootaas ta’uu kan qabu daa’imman iddoo waliif kennun barmaatilee gaarii waliin kununsuu akka qabanii dha.

Adeemsa wal-danda’uu dhabuu balleessuuf barsiisonni yommuu barnoota kennan barattoota hunda bira ga’uun kallattii ta’uu qabu itti agarsiisuu fi qajeelchuu irratti fi tokkoo tokkoon isaanii aadaa isaanii wal-barsiifachu akka qaban gochuu iraatti xiyyeeffannaa gochuu akka qaban hojii guddaatuu irraa eegama.

Galmaa fi faayidaa barnoota aadaa saba baay’ee (Goal and purposes of multicultural education)

Galmi ijoon barnoota aadaa saba baay’ee jijjiirama hawaasaa fiduu dha.Kana gochuuf immoo :

1.Ofiif jijjiiramanii argamuu

2.Haala mana barnootaa fi adeemsa baruu fi barsiisuu jijjiiruun garii taasisuu

3.Hawaasa jijjiiruu dha

1.Ofiif jijjiiramanii argamuu (the transformation of self)

Akka ogeessa barnootaa  tokkotti ittigaafatamummaa dachaa fudhachuun adeemsa wal-irraa hin cinne akkamitti akka hawaaasummaan kiyyaa keessatti barachuu barattootaa irratti jijjiirama fiduu fi gami tokkotti dufuu irraa walaba ta’anii argamuu dha. Uummata naannoo kiyya jiran ilaaluu fi qajeelchuu irraatti ittigaafatamummaan qaba jedhanii ofiamansiisuu dha. Barattoonni kiyyaa dursanii wanta tokkoof jibba kaa’uu akka hin qabne bu’aa maalan buusaa jira jedhanii ofigaafachuun murteessaa dha. Akka nama barateetti jijjiirama keessa jiraachu fi jijjiirama fidaa jirachuu ofii irratti of-gaafachaa fi of-madaalaa deemuun murteessaa dha. Kanaafuu akka ogeessa barnootaa tokkootti bu’aa qabeesssummaa aadaa saba baay’ee akka adeeemsa jijjiirama walittifufaa fidutti ilaaluudhaan of-qoruu fi ofjijjiiranii argamuu dha.

2. Haala mana barnootaa fi adeemsa baruu fi barsiisuu jijjiiruun garii taasisuu (The transformation of school and schooling)

Adeemsa aadeffannaan adda addaa manneen barnootaa keenya keessatti gama hundaan ilaalaa deemuu barbaachisaa dha. Kunis qabxiilee armaan gadii irratti kan xiyyeeffatu ta’a;

A.Mala baruu fi barsiisuu barataa guddugaleeffate (Student-centered pedagogy)

  • Barnoota si’ataa,qabatamaa,hirmaachisaa taasisuuf muuxannoo fi dandeettin barataa dursa argatee irratti xiyyeeffatamuu qaba.
  • Malli baruu fi barsiisuu boodatti hafaa ta’e mala haaraa fi bu’aa qabeessa ta’ee kan barattoota hirmaachisuun bakka bu’amuu qaba.
  • Hojimaata cunqursaa kan ifatti ba’ee hin mul’annee illee sirritti xiinxaaluun haala dimookraatawaa ta’e uumuu dha.
  • Adeemsi baruu fi barsiisuu hundi malli iraatti xiyyeeffachuu qabu qabxii galmeessisuu qofa osoo hin taane barattoota kan fayyaaduu fi jijjiirama amalaa fiduu kan danda’u ta’uu qaba.
  • Gadi fageenyaan yaaduun,dandeettii barnootaa qabachuun,hubannoo hawaasaa, dhugaa fi agarsiistuu jiru irraatti xiyyeeffatamuu qaba.
  • Malli baruu fi barsiisuu barattoota hunda akka barataatti dandeettii isaanii baafatanii akka itti fayyadaman taasisuu qaba.

B.sirna barnootaa aadaa saba baay’ee (Multicultural curriculum)

  • Sirni barnootaa hundi kan xiinxalamuu qabu sirrummaa fi barbaachisummaa haala uumu qophaa’uu qaba
  • Gosoonni barnoota hundii kallattii garagaraa ilaacha keessa galchuun qophaa’uu qabu;kunis kan ta’uu qabu gama sirrummaa fi barbaachisummaa qabuun ta’uu qaba.
  • Sirni barnootaa hunda kan hammatub fi sagaleen barattootaa hundi wal-qixa itti dhagahamu qophaa’uu qaba

C.Barnoota hunda hammattoo ta’an meeshalee barnootaa itttiin kennnaman (Inclusive educational media and materials)

  • Meeshaaleen barnootaa  hunda hammattoo, ilaalchaa fi  sagalee hunda kan hammate ta’uu qaban
  • Waa’ee meeshaaleee barnootaa fi afaan barnootaa irratti barattonni gad-fageenyaan akka yaadan jajjabeessuu;Sagalee eenyuut dhagayaa jirra? Sagalee eenyutu dhgayamaa hin jirre?Dhaabbanni sun maaliif fiilmii akkanaa gad-lakkise?

D.Haala daree barnootaa fi deeggarsa manni barnootaa taasisuu (Supportive school and classroom climate)

  • Barssiisonno daree barnootaa mijataa ta’ee barattootaaaf uumuudhaaf dursanii of-qopheessuu qabu.
  • Haalli mana barnootaa keessatti argamu hundi iftoomonaa fi kan hunda hammatu ta’uu qaba.
  • Qaamni bulchiinsaa mana barnootaa gubbaa hanga gadiitti barsiisotaaf haala mijaawaa uumuu isaanii mirkaneeffachuu qabu.

E.Madallii fi iyyaafannaa walitti fufaan jiraachuu (Continual evaluation and assessment)

  • Beektonni barnootaas ta’ee qo’attonni barnootaa xiyyeeffannaa madallii bu’uraa (standardized test scores) fi mala filatamaa baratttoonni ittiin madaalamuu danda’an ,qabxii garii itti galmeessisan,dandeetttii fi humna isaanii basanii itti fayyadamuu danda’an irratti xiyyeeffachuu
  • Koollejjootaaf yunivarsitottinni iyyaafanoo walitti fufaan kan haala yeroo fi sagantaa barnootaa giddugaleeffate ta’ee kan barattootaaf carraa  kan kennu  ta’uu isaa madaalaa deemuu qaba

3.Hawaasa jijjiiruu (The transformation of the society)

Akkuma ibsamaa ture glami guddaan barnoota aadaa saba baay’ee kun hawaasaa keessatti jijjiirama fiduu ,mirga hawaasaa  fi walqixxummaa mirkaneessuu dha.Kana irra dhaabbannee jijjiiramni manneen barnootaa hawaasa birattis jijjiirama ffiduun kayyoo barnootaa galmaan ga’uu fi hawaasaa hirmaannaa qabu horachuu dha.Kun immoo qabatamaan hwaasa dorgomaa,gabaa keessa galee moo’achuu danda’uu fi ol-aantummaa isaa mirkaneeeffatu uumuu keessatti bakka guddaa qaba.

Beekttoata,yaad-hiddamoota barnootaa,qo’attoota,hirmmaattota,fi kkf hundi waa’ee barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifatee kana baruu fi barsiisuu keessatti qabatamee  akka shaakalamuu fi hojii irra akka oolu mana barnootaa keessattius ta’ee alattii sirritti irraatti hojjechuu qabu.kun immoo hawaasa kan giddugala taasifate ta’uu qaba.Haalli fi yaadnii duraan jiru haala qabatamaa yeroo faanaa akka deemuu fi deemaa jirachu isaa madalaa fi mirkaneeffachaa demuun murteessaa dha.

Barnoonni aadaa saba baay’ee guddugaleeffate kun ofi jijjiiruu fi mana barnootaa keeenya kara gaaritti akka jijjiiramuu hojjechuu fi bu’aan isaas hawaasa jijjiirame arguu akka ta’e hubachuun ni danda’ama.Kun yoo ta’e wal-qixxummaan hawaasaa fi mirgi namoota dhuunffaa mana barnootaa keessatti kabajamee hawaasa mirgaa fi dirqama isaa beekee misooma irratti boba’uu horachuun kan danda’amu.Kun yoo barnnoon aadaa saba baay’ee guddugaleeffate hojii irraa yoo oole qofa ta’a.

Kanneen armaan gaditti dheeraman qabxiilee faayidaa barnootaa aadeeffannaa aadaa saba baay’ee galmaan gahan jedhamanii amanamanii dha.(some of purposes of multicultural education)

1. Ofiif  ilaalchaa fi hubannoo gaarii qabachuu

2. Namoota biroo fi aadaa saba baay’ee addunyaa hubachuuf si’aayina qabaachuu

3.Dandeettii ilaalchaa hedduu qabaachuu yeroo tokko tokko mormiin akka jiraatu walumaagalatti addunyaan nuti keessa jiraannuu gochaa fi amaloota heddu kan qabdu ta’uu hubachuu

4.Aadaa saba baay’ee ibsuu fi ijaaruu irratti dandeettii fi martee kennuu irratti humna horachuu barbaachisa

5.Dhimmota hunda irratti sammuu dhugaa irratti hundaayee yaadu qabaachuu fi kkf

Shaakala  2.4 Bu’aan barnootaa aadaa saba baay’ee kun galma gahuu fi gahuu dhiisuu isaa irratti ibsa bal’aa kenni Haala qabatama biyya keenyaa waliin wal-bira qabuun faayidaa barnootaa aadaa saba baay’ee kana bal’inaan ibsi
 

Kutaa 2.3 Seer-bu’uralee barnoota aadaa saba baay’ee (principles of multicultural education)

Irrakeessa yommuu ilaalami (overview)

Kutaan kun seer-bu’uraalee barnoota aadaa saba baay’ee akka sirritti hubattaniif kan qophaa’ee dha.Tokkoo tokkoon  seer bu’uraalee (pirinsippilootaa ) ilalcha (perspective) mataa isaanii qabu. Kanaaafuu tokkoo tokkoo isaanii gadifageenyaan ilaaluun bakka hojii keetti akka hojii irraa oolan ciminaan hojjechuu qabda.

Kaayyoo  barnootichaa

Kutaa barnootaa kana hega xumurteen booda;

  • Seer bu’uraalee (Pirinsippiloota) barnoota aadaa saba baay’ee irratti beektonni maal akka jedha bal’naan ni mari’attu
  • Baruu fi barsiisuu keessatti hojii irra oolmaan  seer bu’uraalee (piriincippiloota)  kanaa ni ilaalamu
  • Haala qabatama biyya keenyaatiin sseer bu’uralee barnoota aadaa saba baay’ee kana  hojiitti ni hiiktu

2.3.1 seer-bu’uraale barbaachisoo barnoota aadaa saba baay’ee (Essentioal principles of multicultural education)

Barnoonni aadeffannaa aadaa saba baay’ee giddugala taasifatee waliigala seer bu’uraalee (pirinsippiloota )irratti hundaa’a. Irra deddeebbidhaan fi haala ittifufinsa qabuunii fi  barnoonni kun ciminaan wanti kun kan kiyya ykn kan uummataati kanaafuu anas nagalcha jehdanii yaaduun qabxii kana irratti  bu’ureeffachuun  waliigaluu qabna jedhanii yaaduu of-keessatti hammata.

Seer bu’uraleen (Pirinsippiliin) keessoo bu’ura,ka’umsa wanta tokko murteessuu ti. Amaloota barnoota aadaa saba baay’ee giddugaleeffatanii kun immoo qindoominaa fi adda baasuu wantoota uumaa fi dhalootaan jiranii fi adeemsa haraa milkaa’ina qabu uumuu keessaatti iddoo guddaa kan qabuu dha. Akka Parikh (1986) jedhetti barnoonni aadaalaa giddugaleeffate kun daa’immaniif baay’ee barbachisaa fi murteessaa ta’uu hubachisee jira.Kunis aadaa fi barmaatilee bu’aa qabeessa ta’anii hawaasni amanee fudhate barnootaa birootiin bakka buusuuf osoo hin taane kan uummata fayyadanii fi irraatti waliigalame jajjabeessuuf fayyada.kanaafuu salphaadhumatti sirni barnootaa tokko kan fooyyeeffamuu qabu gama aadaa saba fi sablammootaa calaqqisisuu fi gogaaa fi gama okkottti kan duufe ottoo hin ta’in faayidaa fi bu’aa hawaasaa giddugaleeffatee qophaa’uu qaba.Barnoota keessattiis yeroo ammaa aadeeffamuu kan qabu heddumina aadaa jiraachuu isaati fi garagarummaaf kabaja ykn iddoo kennuu dha.Aadaan jijjiiramaa fi faayidaa uummata giddugaleeffate hundi bu’aa qabeessa waan ta’eefii dha. Akka Asante (1991/92) jedhetti galmi kanaa wal-caaltee tokko malee aadaalee waliin adeemsisuu dha.

Seer-bu’uraaleen waliigalaa barnoota aadeffannaa garagraraa akka jedhanitti yaada kanaan kan wal-deeggaran kan armaan gadiiti

  • Akka dhuunfaattillee humna kan kennu, hawaasa kan jijjiiru, adeemsa mala baruu fi barsiisuu tokkoo dha
  • Sirreeffamaa fi haaromsa dogondora maneen barnootaa tokko tokkoof kennuun barnoonni barattoota aadaalee adda addaa keessaa dhufaniif akka giddugaleeffatu taasisuu dha.
  • Beekkamtii fi bu’aa gareen ykn aadaaleen adda addaa qabaniif bu’aa biyyaa buusuu danda’an irratti kan xiyyeeffatuu dha.
  • Uummataaf kabajaa kan qabu bu’urri isaa aadaa fi uummata adda addaa giddugala kan taasifatee dha.
  • Qabiyyee, adeemsi  fi ijaarsi isaa gochii fi calaqqeen dandeettii fi gatii barnootaa karaa kan saaquu dha.
  • Baratoota , gosa barnootaa, fi mana barnootaa hundakeessaatti bu’aa qabeessaa dha.
  • Daandii gama hundaan qixxeetti wal-qixxummaan itti mirkanaa’uu dha.
  • Adeemsa mala fi jijjiirama guddinaa itti fufsiisuudha
  • Bakka aadaalee fi seenaan uummataa itti shaakalamuu fi ittii kabajamu
  • Galma barnoota hundaa ni saffisiisa
  • Iddaa akka riqichaatti tajaajiluun jireenyi fi aadaalee , eenyummaan mana barnootaa itti shaakalamuu dha
  • Adeemsa fakeessuu osoo hin taane kan gochaa fi qabatamaan gochi gaariin itti dhugoomuu
  • Bakka addaa addummaan akka humnaaatti fudhatamuun itti kabajamuu fi jiereenyi ilma namaa dhugaan akka biyyaatti itti of-ilaaluu dha
  • Barsiisonni malaan to’achuu  fi hubannoo kennuun dandeettii hawaasaa cimsuu dha

Kan kanumaan wal-qabatu Banks(1986) pirinsippiloota ijoo ta’aaan 12 hawaasaa aadaalee garagaraa qabu baruu fi barsiisuu keessatti akkamitti akka hammataman adda baasee jira

  • 1.Sagantaan ogummaa dagaagfachuu barsiisotaa akka barsiisonni rakkoo sanyiin, eenyummaan,afaaniin,garee hawaasaatiin dhufu amala barattootaa  irratti miidhaa akka hin finne adda baafachuuf akkaisaan gargaaru ni hubachusa
  • 2.Barattonni hundi wal-qixa carraa barachuu fi qabxii gaarii galmeessisuu akka qaban manni barnootaa mirkaneeffachuu qaba
  • 3.Sirni barnootaa qa’attonni akka barbadanitti argannoo isaanii kan itti ibsatan,barattonni hawaasa keessa jiraata kan itti hubatan  fi ijaara ta’uu qaba
  • 4.Haalli manneen barnootaa barattoonni hundi carraa itti barnoota isaanii ittiin fooyyeeffatan , jajjabaatan,milkeessuu,fi babbarreechuu ittiin danda’an uumuu
  • 5.Manni barnootaaa walitti dhufeenya nagaa qabuu fi olaantommaa barattootaa kan dorgomaa isaan taasisuu uumuu
  • 6.Eenyummaa isaanii irratti miidhaa fiduu kan danda’an walitti dhufeena kan miidhaan hunda irraa of-eeguuu qabu
  • 7.Barattonni gatii qabeessummaa waliin ta’uu aadaalee hubachuu fakkeenyaaf; mirga,wal-qixxummaa,nageenya,walabummaa,gochaa gaarii fi kkf
  • 8.Barsiisonni barattoota isaanii hubannoo sanyii fi eenyummaa kennuun aadaa fi afaaan isaanii irratti akkawal-gargaaran tasisuu
  • 9.Manni barnootaa  barattoota gidduutti  sanyiin, eenyumaan, aadaa fi afaan adda addaa qabaniif sodaa balleessuun carraa gaarii uumuu
  • 10.Nannoo isanii keessatti nageenya akka uuman ,murtii dabarsuu akka danda’an hooggansi manneen barnootaa carraaqii gochuu
  • 11.Manneen barnootaa uummata hundi bakka jiranitti fayyadamuu akka danda’an hooggantiinnii tooftaa baafachuu qabu
  • 12.Barsiisonni gama adda addaatiin aadaalee giddugala taasifachuun dandeettii fi hubannoo barattootaa cimsuu qabu

Kutaa 2.4  Bu’aa barnoota aadaa saba baay’ee (effects of multicultural education)

Seensa

Kutaa darbe keessatti piriinsippiloota barnoota aadaalee guddugaleeffatee baruu fi barsiisuu keessatti bu’aa isaa hubattanii jirtu.kutaa kana keessatti immoo bu’aan qorannoo fi qo’annoon adda addaa  barnoota aadaa saba baay’ee irratti maal akka fakkaatan ni ilaalla.

Kaayyoo barnootichaa

Barnoota kutaa kanaa hega xumurteen booda;

  • Argannoowwan qorannoo fi qo’annoo adda addaa gocha gocha guyyaa guyyaatti ni jijjiirta
  • Haala qabatamaa biyya keenyaa waliin wal-qabsiifta

2.4.1 Barnoota aadaalee giddugaleeffate irraatti bu’aalee qorannoo fi qo’annoo

Argannoonnoowwan qorannoo fi qorannoo adda addaa barnoonni aadaa saba baay’ee bu’aa fi dhiibbaa fiduu irratti hojetaman baayee jiraachuu baatanillee murasa laaluun ni danda’ama.Sadhaataan xinnaachuun qorannooo fi qo’annoo toora kanaa uumamuu kan danda’e barnoon kun ganaa daa’imaa fi kan hin baba’lannee ta’uu isaa irraayii.Yeroo turtii waggota 25 barnoota kanaa keessatti qorattonni baayeen daangaa barnootichaa (parameters) amala inni qabu, sirna barnootichaa hordofamuu qabuu mala baruu fi barsiisuu daree barnootaa keessatti gaggeeffamuu  qabuu fi kkf irraatti xiyyeeffannaan hojjechaa turaniiru.Kanuma caalaayyuu qorannoon gama kanaan jiru ganaa guddataa kan jiruu fi gara fuuladuraa bu’aan argamaa jiru abdachiisaa ta’uu irraatti ni amanama.Qorannoowwan jiraniis kan gatii ofiif kennuu (self-concept) ,barachuu, barnoota keessatti gareen hirmaachuu fi eenyummaa ofii baruu fi beekuu irratti  kan xiyyeeffatanii dha.Walitti dhufeenya tokkoo tokkoo keenya keessattis ilaalchi namoota dhuunfaa kan claqqisuu fi yaada hin bilchaanne ta’uu qorannoowwan ni mu’lisu.Jijjiirama tokko malee bu’aa qabeessummaan pirinsippiloota isaa yaada ofiif qabnu (self-concept),of-jajjabeessuu (self-esteem),miira dorgommii fi ofitti amantummaa qabaachuu (sense of personal confidence and competence), waliigaltee hawaasa waliin qabnu (social and interpersonal skills), bu’aa barnootaa galmeessisuu qabnu (academic performance) irratti faayidaa guddaa akka qabu ni amanama.Yaata’uu malee ammas hir’inni qorannoo fi qo’annoo gama kanaan mul’atu furuuf hojii hedduu kan gaafatuu  dha.

Ta’ullee  qorannoowwan gama kannaan jiran kan jajjabeeffamuu qabanii dha.Sababiin isaas:-

  • Ilaalchi sanyii fi eenyummaan yaaadu badaa ykn xinnaachaa deemullee ammas hojii qorannoon deeggaramuu qabu ta’ee argameera
  • Mala baruu fi barsiisuu fi barnoota aadaalee giddugala taasifate lafa qabsiisuuf qorannoon hanga ammaa jiran bu’ura ta’anii jiru
  • Malli baruu fi barsiisuu filatammaa ta’ee fayyadamuun barnoota qulqullina qabu dabaruu akka danda’amu ni ibsu
  • Mala baruu fi barsiisuu garee fi aadaa hunda hammachuu danada’u fayyadamuun akka ffilatamaa ta’e
  • Duraa duubni qabiyyee barnootaa hojii irra oolmaa barnoota aadaalee giddugaleeffataniif bu’ura ta’uu ni ibsu
  • Mala baruu fi barsiisuu aadaa hunda biratti fudhatama qabuu fi garee hunda hirmaachisaa ta’e jechuunis umrii barattootaa,saala,haala teessuma mana barnootaa fi gosa barnootaa guddugala kan taasifatee ta’uu irraatti

Kutaa 2.5 Toorawwan barnootaa aadaa saba baay’ee (dimentions of multicultural education)

Akka James Banks kaa’etti kallattii barnoota aadaalee giddugaleeffatee kan ta’an qabxii ijoo shanaan kan beekuun murteessaa dha.

2.5.1Toora tokkoffaa:Wal-simannaa qabiyyee barnootaa (content integretion)

Adeemsi kun adeemsa aadaalee hedduu sirna barnootaa keessatti wal-simsiisuuti. Garagarummaan baay’een sanyii irratti xiyyeeffate hubannoo aadaaleef qabnuun yoo deeggarame furmaata argata. Kun yoo ta’e barsiisonni gosa barnootaa gara garaa barsiisan wal-deeggaruun barnoota bifaa fi sanyii irraa walaba ta’e kennuun barattoota ga’umsa qaban gama hundaan horachuun ni danda’ama.

Tokkoo tokkoon barsiisaa haala qabiyyee barnootaa wal-simsiisuun danda’amuu fi sirni barnootaa itti qophaa’u irraatti xiyyeeffachuu qabu.Banks akka jedhetti qabiyyee barnootaa kana wal-simsiisuuf fi barnoota aadaa saba baay’ee giddugaleeffate  hojii irra oolchuuf barsiisonni sadarkaalee afran armaan gaditti dheeraman hubachuu qabu.

  • Faayidaa akkaataa nyaataa,ayyaaneffannaa,tabootaa fi sirboota adda addaa hawaasaa irraatti xiyyeeffachuu
  • Aadaaleen kun qabiyyee barnootaatti yommuu dabalaman wal makuu fi wal-borccuu hin qaban
  • Jijjiirmni ni dhufa jedhamee yaadamu gama hundaan sirriittii xinxaaalamuu kan qabu ta’uu
  • Dhuma irrattis Gochi hawaasaa kan barattoota akka isaan murtii kennan,dhimmaa hawaasaa hubatanii fi naannoo isaanii fayyaadan taasisuu dha.

2.5.2Toora lammaffaa:Beekumsa  ijaarrachuu (Knowledge construction)    

Beekumsa ijaarrachuun adeemsa sadarkaa hedduu qaba. Sababiin isaas barsiisonni barattootni issanii akka waa hubatan,waa abuuran/sakkata’an fi aadaalee ilalacha gaarii akka horatan kan ittiin gargaarani dha.Fakkeenyaaf, gatiin beekumsaaf bu’ura ta’e maal akka ta’e,Saayintistoonnii fi beektonni seenaa akkamitti beekumsa akka itti ijaaran fi yaada ka’umsa beekumsa ijaarrachuuf barbaachisan  hubachisuu dha.

Kanaafuu kallattii dandeettii ijaarrachuun daa’imman gargaaru kan danda’u yoo beektonni jechoota daa’imman harkisuu fi hubachuu danda’an fayyadaman ta’uu qaba.

2.5.3 Toora sadaffaa:Saaynsii barnootaa walgitiinsa qabu (Equity pedagogy)      

 Saaynsii barnootaa walgitiinsa qabu jechuun barsiisonni mala baruu fi barsiisuu daa’imman sanyii, garee fi saala adda addaa qaban guddugaleeffate kennuun akka isaan barnoota isaanii galmaan gahan taasisanii dha.Kana jechuun barsiisaan daree keessatti waa’ee garagarummaa (gama sanyii,saala fi garee) daa’imman gidduu jiru haasawaa ooluu osoo hin taane akkataa gosti barnootaa isaan barsiisan hundaaf galuu danda’uu irratti xiyyeeffachuu qabu jechuu dha.

Dabalataaniis, daa’imman haala dimokraatawaa ta’e hubatanii fi hawaasa ilaalcha dimokraatawa qabu horachuu irratti xiyyeeffachuu qabu.

2.5.4 Toora afraffaa:Ilaalcha sodaa ykn jibbiinsa qabu hir’isuu (prejudice reduction)

 Saayinsii barnoota walgitiinsa qabu fiduu fi ilaalcha sodaa ykn jibbiinsa hir’isuu  keessatti barsiisonni hunduu hirmaachuu qabu.Akka qorannoowwan adda addaa ibsanitti daa’immanii fi dargaggoonnii gara mana barumsaa yommuu dhufan qabxiilee bu’urri isaanii hin beekamne kan barattoota wal-mormisiisan qabatanii  waan dhufaniif sirritti irraatti hojjetamuu qaba jedhu.Yeroo tokko tokkoo barsiisonnillee kanaaf yeroo itti bitamaniituu mul’ata.Kanaafuu beektonni hundi ilaalcha akkanaa hir’suuf saaynsii barnootaa walgitinsa qabu fayyadamuun daa’imman gargaaruu qabu.

2.5.5 Toora shanaffaa: Aadaa mana barumsaa fi caasaa hawaasaa aangessuu (empowering school culture and social Structure)

Kun kan ilaalamuu qabu akka dareetti qofa osoo hin taane akka mana barnootaattti wal-qixxummaa gonfachiisuu dha.Kunis kan inni ta’u qabu istaafii walitti fiduun,qophii ispoortii taasisuun,qabxii barataa walitti dhiyeessuun fi shaakala garee adda addaa taasisuun dha.Kanaafuu manni barumsaa tokko bulchiinsa irraa eegalee sadarkaa sadarkaadhaan kan hunda hirmaachisu ta’uu qaba.

Shaakala 2.5 1.Toorawwan aadaa saba baay’ee hammatoo (multiculturalism) shanan eenyu fa’a ? Bal’inaan ibsi 2.Isaan kana akka salphaattii hojiitti hiikuun ni danda’amaa?
GUDUUNFAA

Qabxiileen ijoon boqonnaa kana keessatti ilaalle walitti dhufeenya barnootaa fi eenyummaa, yaad-rimee aadaa saba baay’ee,seer-bu’uraalee aadaa saba baay’ee ,faayidaa aadaan uummataa fi barnoota keessatti qabu ilaallee jirra.Akka James Banks jedhetti yaadni barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifachuu kun akka salphaatti hojii irraa ooluu akka hin dandeenyee fi hojii irra olmaa isaatiif  kutaannoo akka gaafatu ibsee jira. Kanaaf jecha akka James Banks jedhetti qabxiilee armaan gadii shanan irratti xiyyeeffachuu akka qabnu nu hubachiisee jira. Isaaniis:-1) Qabiyyee barnootaa wal-simsiisuu 2) Adeemsa beekumsa ijaarachuu 3) ilaalcha sodaa ykn  jibbiinsa hir’isuu 4)Saayinsii barnootaa walgitinsa qabutti fayyadamuu5)Aadaa mana barumsaa fi caasaa hawaasaa aangessuu irratti xiyyeeffatamuu akka qabu ifa taasisee jira.

Gaafilee xumura boqonnaa kanaa

Qabxiileen armaan gaditti dheeraman yaada ijoo boqonnaa kanaa irratti  kan xiyyeeffatanii dha.Kanaafuu garee uumuun irraatti mari’adhaa.

1.Eenyummaan maali ?

2.Aadaa saba baay’een  maali?

3.Bu’aan barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifatee maal jettee yaadda?

4. Toorawwan barnoota aadaa  saba baay’ee shanan tarreessuun ibsi.

Leecalloo barnootaa (Instructional Resources)

Banks, J.A. & Banks, C.A. (Ed). 2004. Handbook of Research on Multicultural Education. Second Ed.

Banks,  James A. Transforming the Mainstream Curriculum. In Educating for Diversity Pages 4-8 May 1994 | Volume 51 | Number 8

Banks,  James. 1993. A. Multicultural Education: Historical Development, dimensions, and Practice. Review of Research in Education, vol.19, pp. 3-49.

Banks, James A. Level of Content Integration          

Banks, James A. and Michelle Tucker. “Multiculturalism’s Five Dimensions.” NEA Today Online.

Banks, James. 2007. Multicultural Education (6th ed.). Hobken, N.J: John Wiley and sons.

0
Created on By admin

TECS 222 Chapter 2 Quiz

TECS 222 Chapter 2 Quiz

1 / 5

TECS 222 2.1.  Eenyummaa namni tokko barnoota idilee fi alidileetiin gonfate maal jedhama?

2 / 5

TECS 2.2. Eenyummaan nama tokkoo bifa gogaa ykn rifeensaatiin ibsamuu hindanda’u.

3 / 5

TECS 222 2.3. Adeemsi namni ykn hawaasni tokko eenyummaasaa itti ijaarratu maal jedhama?

4 / 5

TECS 222 2.4. Aadaa garee birootiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuun kan ofii qofa mankaraarsuudhaan eenyummaan ijaaramu maal jedhama?

5 / 5

TECS 222 2.5. Toorawwan barnoota aadaa saba baay’ee keessaa 3ffaarratti kan argamu kami?

Your score is

The average score is 0%

0%

.

Boqonnaa sadi

 Barnootaa fi Hawaasa (Education and society)

 

Seensa boqonnichaa

Kaadhimaamtoota barsiisotaa! Boqonnaa lammaaffaa  keessatti eenyummaa barnootaa,eenyummaa fi barnoota,hiikkaa eenyummaa,aadaa saba baay’ee fi hiika isaanii,yaad-rimeewwan aadaa saba baay’ee,seer-bu’uraalee barnoota aadaffannaa garagaraa,bu’aa barnoota aadaa saba baay’ee guddugala taasifatee,kallatti barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifatee  fi kkf irratti hubannoo argachuu kee abdii qabna.

Sirni barnootaa kamiiyyuu qaamolee hawaasa hunda haala hirmaachisuun qindaa’uu qaba. Kunis,barattoonni, barsiistonni, maatiin barattootaafi qaamoleen hawaasaa biroo dhimma isaaniirratti iitti gaafatamummaa akka bahan, akkasumas, sirna barnootaa haala qabatamaa ykn seera biyyattiitiin akka hogganan gochuu dha. Kana irraa ka’uun, dhaabbilee barnootaa akkaataa qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachisuu danda’uun banaa ta’uu qaba. Haaluma kanaan, boqoonnan kun barbaachisummaa barumsi hawaasaaf qabuu fi gahee hawaasni sirna barnootaa keessatti qabu ibsuurratti xiyyeeffata.

Bu’aalee Boqonnichaa

 :

Xummuura boqannaa kanaatti kaadhimamtoonni barsiisotaa:

Akkaataa fi Mala Kenninsa Boqannichaa

Tooftaan akka waliigalaatti koorsii kana keessatti fayyadamnu mala ‘gochan barachu walittfufaa’( ‘Experiential Learning Cycle’) irratti xiiyyeeffatu ta’ee,kan barattoonni/leenjifamtoonni dammaqinaan, odeeffannoo/raga walitti qabuu, xinxaluu,calaqeessuu fi beekkumsa hiika qabeessa ijaarrachuun keessatti hirmaatanii dha. Kanaaf, malleen hirmaachisoon akka, sammuu kakaasuu, gafii fi deebii, marii garee xiqqaa, agaree, gahee taphachuu, of-danda’anii dubbisuu fi dhiheessuu, barsiisuu garee xiqaa(micro teaching), od-ibsa boqataa fi kkf fa’i.

Gochaalee Barsisotaa fi Barattootaa

Gochaalee Barattootaa

  • Faayidaa barumsi misooma hunda galeessa hawaasatif qabu irratti marii gaggeeffamu irratti dammaqinaan hirmaachuu.
  • Barattoonni garee fi dhuunfaan bu`aa barnootni hawaasaaf qabu irratti ragaalee garagaraa sakatta`uun barattoota daree guutuf ni dhiyeessu.
  • Gochaalee qabiyyichaa irratti marii fi dhiyeessii garee ni taasisu.
  • Naannoowwan gurguddoo hawaasni, hojii karoorsuu, raawwii fi jijjiirama mana barumsaa irratti gahee isaan taphatan muuxannoo isaanii irraa ni calaqqisiisu.
  • Hubannoo qabiyyee isaanii calaqqeen ni mul`isu.
  • Gahee ijoo, barbaachisummaa fi itti gaafatamummaa supparvaayzara mana barumsaa irratti waliigaltee irra ni ga`u.

Gochaalee Barsiisaa

  • Marii gareetif haala mijeessuu fi barattoota hiramaachisuu.
  • Garee garagaraa akkaataa barattoonni hundinuu- shamarranii fi dhiira walqixa hirmaachisuun qindeessuu.
  • Gaaffii barattoota mata-durichaa irratti yaachisuu danda`u gaafachuu
  • Battallee garagaraa qopheessuu, yeroon sororsuu fi duub-deebii kennuufii.
  • Ragaalee iyyaafannaa walitti fufaa bifa hammangee fi qulqulleetin seeraan qabachuu.

Tooftaalee Iyyafannaa Boqonnichaa

  • Gochaalee barattootaa hunda wayitii baranootichaaf kenname keessatti daawwachuun ragaa bifa hammangee fi qulqulleetin qabachuu.
  • Mata-duree filatame irratti gareen yookin dhuunfaan dhiyeessisuu, hojii piroojeektii fi kkf kennuufii.
  • Xummura boqonnaa irratti yaaalii kennuu, yaalii walakkeessa semesteraa qopheessuu fi kkf.

Kutaa 3.1: Bu`aa Barumsi Hawaasa Keessatti Qabu (the value of education in society)

Gochaa 3.1:`

   

Barattoota garee miseensota 5-7 qabuun taa`un gaaffilee armaan gadii yaalaa. Miseensoota garee keessayis dhiyeessaa filachuu keessan mirkaneessa.

Shamarraniifis xiyyeeffannoo kennuunfi loogii koorniyaa dhabamsiisun barbaachisaa dha.

Barumsi maalii?Hawaasni barumsa akkamii barbaadaa? Barumsi bu’ura jireenya dhala namaa ta’uu isaa maaliin mirkaneessita?Sababa qabatamaa ta’en ibsi.

Barumsi faayidaa guddaa hawaasaf qaba, keessumaa, hawaasa ammayyaati fi industiraalawaa walxaxaatif. Falaassitonni wayitii hundaa wayitii durii jalqabee dhimma kanaaf xiyyeeffannoo guddaa gumaachaniiru. Haaluma kanaan, yaad-hiddamni garagaraa haala uumamaa fi kaayyoo isaa irratti gara qabatamaatti dhufaa jiru.

Gaaffilee armaan gadii irratti yaada erga kennitanii booda faayidaalee gurguddoo barumsaa hamma ta`e ni sakattaana.

Hawaasa yeroo ammaatiif barumsi sirrumatti ni barbaachisa jettee amantaa? Ibsi.

Barachuun jireenya nama tokkoo irratti garaagarummaa hiika qabeessa ta`e ni fidaa?Ibsi.

Baruumsi adeemsa barachuu fi beekumsa mana burumsaatti barsiisaa irraa, muuxannoo yookin ogummaa maatii irraa, naannnoo irraa argachuu fi kkf dha.

Baruumsi furtuu namoonni addunyaa keessatti  irra ol guddatan yookin dagaagan hojii fooyya`aa irratti akka xiyyeeffatanii fi jireenyaa jireenyatti akka milkaa`an taasisuu dha.

Baruumsi iddoo hojii namootaa irratti dagaagina ogummaa irratti fooya`iinsa galii fi moggaasa maqaa sadarkaa irratti jijjiireama fida. Namoonni irra caalatti barumsa ykn ogummaa qaban namoota biroo caalatti faayidaa yookin bu`aa fooyya`aa argatu.Haata`u malee addunyaa keessatti tokkoon tokkoon namootaa carraa barumsa idilee argachuu hin dandeenye keessa jirra. Addunyaa keessatti biyyoota hedduu uummanni hin baranne hedduun keessatti argamanitu jiru. Kunis biyyoota hedduu keessatti namoonni hedduun baadiyyaa, iddoo itti baruumsi hin babballanne waan jiraataniif. Namoonni baadiyyaa jiraatan hedduun isaanii yeroo isaanii irra jireessan midhaan walitti qabuun kunuunsuun fi kkf dabarsu. Kunis, barachuun hojiilee kanaaf akka waan hin fayyadneetti ilaalu. Shamarran baadiyyaa jiraatan umrii ijoollummatti heerumuu fi boodarratti maatii wajjiin fi hojii maatitiiin yeroo dhabu.

Fakkeenyaaf aadaa naannoo baadiyyaa Itoophiyaatti dubartoonni ijoollummatti heerumu akkasumas mana keessa turuun hojii mana akka hojjetan jajjabeeffamu. Egaa gara baadiyyaa Itoophoyaatti maatiin ijoollee dubaraa mana barumsatti barsiisuu irra waa`ee heeruma ijoollee dubaraa dhiphatu.

Barachuun lammiilee barbaachisaa kan ta`eef milkaa`ina jireenyaa qofaaf osoo hin taane, uummanni barumsa fooyya`aa qabu saba irra caalaa milkaa`aa fi hunda galeessa ta`e uumuf waan gargaaruf. Barumsi idilee baayyee barbaachisaa dha garuu jireenya qabatamaa keessatti milkaa`ina argachuuf barumsi al-idileetis murteessadha. Namni tokko afaan Ingilizii, Seenaa,Herrega, Saayinsii mana barumsaatti barachuun beekumsa “kitaaba”tiin gaarii ta`uu danda`a.

Kallattii biraatin namni tokko akkaataa jireenyaa muuxannoo naannoo irraa beekumsaa fi ogummaa argachuu ni danda`a. Beeumsa qalamaa-kitaabatiin waa`ee ogummaa tokkoo qabaachuun, garuu, akkaataa hawaasa, hiriyyota fi hangafoota wajjiin ittiin jiraatan yoo hin beekne beekumsa kitaabaa qofarratti hundaa`un karaa fagoo nama hin deemsisu.

Kutaa 3.2. Faayidaan Baruumsaa Hawaasaaf Maalii? (What is educatin worth to society)

Waan hundumarra barumsi hawaasa tokkoof faayidaa hedduu qaba. Faayidaalee kanneen keessaa muraasni,

  • Miira dorgomtummaa fi ofitti amanamummaa guddisa.
  • Miira aantummaa hawaasaa ni guddisa.
  • Karaa beekumsaan hawaasa tajaajiluutin ilaalcha of-gahummaa ni cimsa.

Dabalataan barumsi namoonni hiriyyoota adda addaa akka uummtanii fi ogeessota garagaraa wajjiin wal-qunnamsiisa. Hariiroon ogeessotaan uumamu kun immoo garagarummaa sadarkaa hawaasaa uumuu  danda`a. Sadarkaan hawaasaa kun garaagarummaa qarshii irratti hundaa`e osoo hin taane haala hawaasummaa nama tokkoo kan kallatti beekumsaa, ogummaa fi walitti dhufeenyan wal-qabatuu dha.

Baruumsi deeggarsa eebbifamtootaaf qofa kan kennu osoo hin taane maatii fi hiriyyootas ni deeggara. Sababni isaas namni beekumsaa fi ogummaa fooyya`aa qabu namoota biroo qarshiinis ta`ee beekumsaa fi ogummaa gargaaruu danda`a. Ilaalchi yookin yaadni kanaan walfakkaatu  jireenya namootaaf ni hojjeta. Yoo namni tokko barumsa ofii isaanii fi addunyaa hubannoo argachuuf fedhii qabaate, osoo kaffaltii barbaachisu raawwachuu hin dandeenyee inni kun barumsa hordofuuf sababa quubsa ni ta`aa? Karaa biraatin mirga barachuu namaa daangeessun abbichi humna baasii barnootaa uwwisuu hin qabaanne sirrii dha?  Fakkeenyaaf faayidaan beekumsaa dhimmuma beekumsaatif qofa maalif? Kun yeroo baayyee barnoota saayinsii keessatti gaaffii mormisiisa dha. Keessumattuu yeroo gargaarsa qarshiif dorgomamu yookin hojjetamu. Namoonni hedduun deeggarsi qarshii qorannoo saayinsiitif dhimma qorannoo qofaaf, kaayyoo taa`e malee kennamuu qaba jedhanii amanu. Sababni isaas gaaffiin beekumsaa si`aayina keessoof faaidaa ol-aanaa qaba waan ta`eef.

Yoo faayidaan baruumsaa nama dhuunfaa irra darbee fi hawaasa akka waliigalaatti cimse namoonni dhuunfaan baruumsaaf akka kafalan gaafachuu qabnaa moo akkaataa waligitiinsa qabaeenyatiin kafalamuu qaba? Baruumsi daangaa baratameen alatti yoo ilaalamu maalummaa hojii ykn gochaa keenya hunda murteessa. Wanti hojjennu waan beeknuu fi waan barannee dha. Barachuuf carraaqqii hin taasisne yoo ta`e sammuun keenya yeroo hunda odeeffannoo bilcheessa yookin walfakkeenya akkasumas garaagarummaa wantootaa haala qabatamaa jiru xinxaluuf yaalii taasisa. Karaa kana irraa ka`uun sammuun humna hedduu barachuuf gargaaru qaba. Haa ta`u malee, ofuma keenyaa sababoota akka dadhabina dhuunfaa hawaasummaa currisa fi rakkoo diinagdee irraa kan ka`e beekumsa ballifachuu irra of-daangessa/dhaabna.

Wayita barumsi fedhii bu`uurati jedhanitti bakka yaadan gahuu fi akka meeshaatti gargaaramuu sana booda fedhiin baruumsa dabalata barachuu hin jiraatu. Haa ta`u malee, faayidaan baruumsi hawaasa keessatti qabu heddu guddaa fi walitti hidhamiinsa cimaa qabu, kunis, hawaasni fi barumsi yoomiyyuu gargar bahuu hin bahan. Gahee barumsi hawaasa keessatti qabuu fi akkamitti jireenya keenyaan walqabatu haa ilaallu.

Barumsi of –Aangessuuf Gargaara(education is self empowerment)

Barumsi gaariin si aangessuuf gargaara. Kunis,haala hunda keessatti akka cimtu si taasisa. Haala naannoo keetiirratti dammaqinaan akka qabaattu fi danbiiwwanii fi seera hawaasa keessa jiraattus akka hubattu si taasisa. Beekkumsa keessan qofa kan doggoggora qaamota aangoowwanii kan gaafattu egaa haala kanaan kan mirga kee akka lammiitti eegsifattuufi fooyya’iinsa caasaa bulchiinsaafi diinagdeetiif carraaqxu akka waliigalaatti namoonni misooma kan fidan fooyya’iinsa jireenya gaarii ilma namaaf eessatti akka barbaachisu yoo hubataniidha. Barumsi gaariin of-hubachuufi dandeettii kee adda baafachuun akka dagaagfattuuf si gargaara.

Galii Tasgabbaa’aafi Kabaja Jireenyaaf (Financial Stability and Dignity of Life)

Faayidaan barumsaa biroon ogummaa gahaa fulduratti hojii barbaadamaa keessa nama galchuu danda’u gonfachiisuudha. Wayitii mindaan siif kafalamutti faayidaa qarshiin qabuufi argachuun hammam cimaa akka ta’e adda baafatta. Barbaachisummaa rakkoo fulduratti nama qunnamuu danda’uufis qarshii kuufachuu dandeessu. Miira of-danda’ummaa dagaagfattu. Kunis gargaarsa galii nama biroo eeggachuu jalaa nama baasa.

Guddina Fedhii Dhuunfaatiif (Growth in Personal Aspiration)

Sababa fedhiin keessoo keetii guddachaa adeemuuf yeroon itti qarshiin argattu jireenya keetiif gahaa sitti hin fakkaannetu jira. Kanaa booda, fedhii kee kana guuttachuuf hojii jijjiirachuu barbaadda. Guddinni kun kan dhufuu danda’u haalota lamaan. Isaanis; ogummaa olaanaa/digirii kolleejjiifi muuxannoo gahaa hojjichaaf barbaachisu qabaachuun.

Gahumsa Hojiitiif (On the Job Efficiency)

Barumsi kolleejjii isa xumuraa yoo ta’uu baateeyyuu barumsa sadarkaa 2ffaa booda barbaachisaadha. Dorgommii hojii keessatti namoota hin baranne caalaa kan barbaadaman kanneen barataniidha. Kunis, namootni baratan leenjiif jecha yeroofi baasii hojjachiisaa hedduu waan hin barbaanneef. Karaa biraatiin, kan qacaramuuf deemu kan ogummaa barbaachisu hin guuttanne yoo ta’e lafaa ka’amee barsiifamuu barbaadu waan ta’eef qaamni hojjechiisu kana gochuuf fedhii dhabuu danda’a. Namoota barumsa olaanaa barbaadaniifi dippiloomaa olaanaa hojiirratti argataniif ni hojjeta. Namoonni kun dorgomtummaa isaanii cimsachuuf ogummaa isaanii kan dagaagfachaa jiraniidha.

Dursanii Karoorfachuuf (Helps Plan Ahead)

Namootni barumsa gahaa qaban dagaagina biyya isaaniif daandii mijeessu. Namootni akkasii kan adda duree ta’aniifi barsiisota, saayintistoota, loltoota, fi gaggeessitoota akka lafee dugdaa hawaasaa ta’uuf kan waliin hojjetaniidha. Qindoomina beektotaa kana malee hawaas-diinagdeen biyya tokko hin dagaagu. Kun immoo jeequmsa, bittinnaa’uufi kkf haala mijeessa. Gamtaan walta’uun/miirri qindoominaan hojjechuu yoo eegame dagaaginni/fooyya’iinsi jireenyaa kallattii hundaan, dhuunfaas ta’ee kan hawaasichaa ol ka’a. Dagaaginni kun dhaloota dhufuuf gahee guddaa qaba. Kunis, bu’aa argametti akka fayyadamaniifi caalatti akka dagaagsan taasisa.  Haaluma walfakkaatuun hojiin keenyaa yaraanis dhalattoota dhufan irratti dhiibbaa akkasuma qaqqabsiisa. Kanaaf, hojii hojjennu haala adda ta’eeniifi bu’aa fi miidhaa fulduratti fiduu danda’u tilmaamuun hojjechuutu nurraa eegama.

Hojii Barbaadaafi Hojii Dhiheessaa (Job Seeker vs. Job Provider)

Yeroon ati callisteetuma hojjetaa nama tokkoo taatee jiraachuu jalaa itti baatu ni dhufa. Jireenya mataa keetiirratti itti gaafatamummaan of-jiraachisuu barbaadda. Namoota kan birootiif carraa hojii uumuufi gargaaruu filatta. Sadarkaa qarshii/hojii mataa kee uummachuu kanatti ogummaa mataa keefi namoota biroo ni fayyadamta ta’a. Gamtaan hojjechuun hojii kee ni guddisa akkasumas bu’aa gaarii argamsiisa. Dabalataanis, ofitti amanamummaafi xiyyeeffannoo kee dabaluun hojii birooyyuu akka uumtu si taasisa. Dandeettiin kun muuxannoofi beekumsa yeroo dheeraan kan argamuudha.

Barumsi beekumsa akkaadaamii qofarratti kan xiyyeeffatu osoo hin taane bashannanaaf, falaasamaaf, aartiif, siyaasaaf, diinagdeef yookiin qorannoofi qo’annoo saayinsawaaf ni gargaara. Akka nama dhuunfaatti fedhii barachuufi guddachuu/ogummaa dagaagfachuu qabaannaan barumsi daangaa hin qabu. Haa ta’uu malee, namootni beekumsa akka waan faayidaa hin qabneetti ilaalan xumurarratti yaada akka jeequmsaafi hinaaffaa keessatti of argu. Namoonni gara dhugaatiitti, araada garagaraatti, yakkaafi kkf raawwachuutti galan namoota akkasiiti. Namootni akkasii kun dandeettii of-kabajuu, kan barumsi gaariin argamsiisu hin qaban. Barumsi jireenya keessatti kallattii hundaan gahee itti fufaa taphata. Kanaaf, waa’ee barumsaa yammuu yaadnuufi murteessinu faayidaalee har’aafi faayidaa barumsi dhaloota dhufuuf qabu xiyyeeffannoo keessa galchuun ta’uu qaba.

 
Gochaa 3.2

Barattoota garee miseensota 5-7 qabuun taa`un gaaffilee armaan gadii yaalaa. Miseensoota garee keessayis dhiyeessaa filachuu keessan mirkaneessa.

Shamarraniifis xiyyeeffannoo kennuunfi loogii koorniyaa dhabamsiisun barbaachisaa dha.

.

Faayidaan akka waliigalaatti adeemsa baruu-barsiisuufi keessumaa manni barumsaa immoo hawaasaaf qaburratti mari’adhaa.

Kutaa 3.3 Mana Barumsaafi Hirmaannaa Hawaasaa (School and Societal Participation)

 :

Kutaa kana erga xumurtee booda:

  • Hirmaannaa hawaasni naannoo mana barumsaa keessatti taasisu ni ibsta;
  • Akaakuuwwan gochaalee mana barumsaa keessatti hawaasni irratti mari’achuu qaban adda baasta;
  • Rakkoolee adeemsa hawaasni fi manni barumsaa waliin hojjechuurratti qunnamu addaan baasta;

Manni barumsaa iddoo barattootni sirni barnootaa murtaawaa yeroo murtaawaa keessatti barsiisaa murtaawaan itti baratanii dha. Yeroo durii jireenyi ilma namaa baay’ee salphaa ture. Beekumsi sadarkaa guddinaa har’aa kanarra hin geenye ture. Fedhiin namootaa baay’ee salphaa kan tureefi karaa salphaa ta’een dhabbilee al-idilee kanneen akka maatiifi hawaasa naannootiin kan guuttamuu dha. Dhawaata beekumsi bal’aafi garaagara ta’e uumameen, akka malee baay’achuu uummataatiin, fedhiin namaa dabaluuniifi haalli fi bifti aadaa akkasumas qaroominni walxaxaa ta’e waan uumameef maatiidhaan beekumsa dabarsuun kan hin danda’amne ta’aa dhufe. Dabalataan, maatiin harki caalu hojiilee garaagaraatiin waan qabamaniif ijoollee isaanii sirna barnootaa garaagaraa barsiifachuu hin dandeenye. Kanaaf, fedhiin hundeeffama dhaabbilee adda addaa aadaa tursiisu, dabarsuufi waliidabarsa aadaawwanii dagaagsu uumame.

 Kanaafuu, Manni barumsaa idilee beekumsi hedduun/waliidabarsi aadaa bal’aan iddoo itti baratamuudha. Akkasumas, manni barumsaa walqunnamsiistuu/walitti hiituu maatiifi addunyaa alaati. Manneetiin barnootaa naannoo addaafi haala gaariin akkaataa qaama, sammuu, currisaafi dagaagina hawaasummaa barattootaatiif mijaawaa ta’uun haala durfamee karoorfameen qindaa’a. Manni barumsaa daa’imman/barattootni muuxannoo, aadaa, amantiifikkf garaagaraa qaban waan walitti makuuf ogummaa hawaasummaa kanneen akka wal-kabajuu, akka ofiitti namaaf yaaduu, walgargaaruufi kkf akka walirraa baratan gargaara.

Akkasumas manni barumsaa biyya tokko keessatti iddoo yaadafi ilaalchi adda addaa baay’ee barbaachisaa ta’uun itti babal’atuudha. Yaadonni mana barumsaa keessatti argaman kun kallattinis ta’ee al-kallattiin guddina hawaasa tokkoof akkasumas rakkoolee hawaasa keessatti argaman furuuf gahee olaanaa qabu. Kallattii biroon immoo barattootni/daa’imman mana barumsaa keessatti yoo baratan hawaasa garaagaraarraa dhufu.

Manni barumsaa iddoo barattootni muuxannoo adda addaa itti baratan, waa’ee amaloota hawaasummaa itti hubataniifi amala hawaasummaa ofii isaaniitti madaqsan kan taasisuudha. Manni barumsaa kan barattootni keessatti amala lammummaa gaarii kanneen akka mirgaafi dirqama ofii hubachuu, jaalala dagaagfachuu, namaaf nahuu, akka ofiitti namaaf yaaduu, namaaf tumsa gochuufikkf barataniidha. Amaloonni kunniin lammii baratan uumuuf gargaaru. Manni barumsaa barachuu barattootaaf mana jireenyaa caalaa iddoo fooyya’aadha. Manni barumsaa dhaabbataa walgargaarsi qaamolee adda addaa kanneen akka maatii, hawaasa naannoofi mootummaa keesstti haala gaariin galma gahuu danda’uudha. Manneen barumsaa bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Kunis mana barumsaa aadawaafi ammayyaati. Mana barumsaa aadawaa keessatti kan baratamuufi qunnamsiifamu barumsa idilee qofaadha. Manni barumsaa aadawaa kun haalli inni itti dhufe maatii barattootaa fedhii barnootaa ijoollee isaanii qunnamsiisuu waan dadhabaniif dha.  Mana barumsa aadawaa keessatti xiyyeeffannaan daa’immaniif osoo hin ta’in gosa barnootaaf kennama. Kunis, fedhii, muuxannoo, fi dandeettii barattootaaf xiyyeeffannaa osoo hin kenning qabiyyee hedduu dirqamaan sammuu isaaniitti kan fe’uudha. Bara durii keessa mootummaa fi manni amantaa kan adda hin bahin ture. Booda irratti mootummaa dhaabbilee amantiirraa adda bahuun aadaan dimokiraasii biyya keessatti hundeeffamuun namoonni baay’ee carraa barumsaa akka argatan taasifameera. Manni barumsa ammayyaa immoo kan barattoota giddugaleeffateefi dimookiraatawaa kan ta’eedha. Manneen barumsaa kana keessatti sansakaa tokko tokkoo daa’immaniif beekkamtiifi kabajni ni kennama. Kanaaf, mana barumsaa ammayyaa keessatti naannoon mana barumsaafi adeemsi baruu-barsiisuu akkaataa garaagarummaa barattootaa keessummeessuu danda’uun mijeeffama. Manneen barumsaa kana keessatti xiyyeeffannaan kan kennamuuf odeeffannoo darbuuf osoo hin taane muuxannoo barattootaarratti ta’uu qaba.Mana barumsaa ammayyaa keessatti barattoonni kan callisanii odeeffannoo kan fudhatan osoo hin ta’in kan ofii isaaniin dammaqina olaanaadhaan beekumsaafi hubannoo mataa isaanii ijaarratanii dha. Ogeeyyiin barnootaa hedduun manneen barumsaa aadawaa beekumsa qophaa’aa humnaan garaagarummaa daa’immaniif bakka osoo hin kennin sammuu daa’immaniitti naquudha jedhanii mormu.

Galmoota Ijoo Hirmaannaa Hawaasaa fi Manneen Barumsaa (Major Goals of School-Society participation)

Fedhiin misooma keessatti hirmaachuu, hirmaannaan misoomaa galmaawwan baay’ee fiixaan baasuuf gargaara yaada jedhurraa madda. Isaanis:

   1. Galmoota Ilaalchaa (Ideological goals):Galmoonni kun uummatni misooma keessatti akka hirmaatanii fi murtee wantoota misooma gufachiisan keessatti akka qooda fudhatan kan taasisaniidha

  2. Galmoota Diinagdee (Economic goals):Galmoonni kun hirmaattota baay’ee irraa leeccalloo baay’ee argachuu fi gatii misoomaa qooduuf jecha baasii tokko tokko dhiheessitootarraa  gara fayyadamtootaa naannessuudha.

3. Galmoota Siyaasaa (political goals):Kun gama mootummaatiin seera jiru cimsuu fi  hawaasni itti gaafatamummaa rakkoo hawaasummaa akka qaabaatu taasisuu yoo ta’u gama uummataatiin immoo aangoo guddaa dhimma murtee kennuu fi baajata qooduu akka argatu gochuudha.

4. Saganteessuu (Programmatic):Galmi kun fedhiin, uwwisni, bu’a qabeessummaan, milkaa’inni fi itti fufiinsi sagantaa/piroojektii tokkoo akka guddatu taasisuudha.

5. Ijaarsa Dandeettii (capacity-building):Beekumsa, ogummaa fi ilaalcha haaraa dagaagsuu fi fayyadamtootaaf gahee ittiin dalagaalee hoggananiifi too’atan kennuuf kan gargaaruudha.

 : Kutaa 3.4: Mana Barumsaa fi Garee Hawaasaa (School and Community)

Kutaa kana erga qo’atanii booda:

  • Gamtaan maatii fi mana barumsaa akkamitti akka caaseffame addaan ni baafattu.
  • Sochiilee mana barumsaa keessatti hojiilee qabatamaan hawaasa hirmaachisu ni filattu.
  • Akkaataa ittiin manni barumsaafi hawaasni wajjiin hojjetan ni calaqqisiistu.
 

Gocha 3.4

Garee nama 5-7tiin gaaffilee armaan gadii deebisuun dareef gabaasaa.Adeemsa abbaltii keessatti carraa dubartootaaf xiyyeeffannaa kennuu fi loogii koorniyaa dhabamsiisuun murteessaadha!!.

Walgitiinsa jechuun maal jechuudha?Walqixxummaa barnootaa jechuun siif maal jechuudha?Haala mana barumsaatti bakka walqixxummaan hin jirretti walgitiinsi jiraachuu ni danda’aa? Barnoota aadaa saba baay’ee ilaalchisee haala qabatamaa manneen barumsaa yeroo ammaarratti yaada maal qabdu?

Akka falaasfaan barumsaa “John Dewey” jedhamu ibsetti barachuun garee hawaasaa keessatti raawwata. Gareen hawaasaa daree keessatti akka uumamuuf walii keenya beekuu qabna. Kun barsiisaa keenya beekuus ni dabalata. Barattootni keenya iftoominaan akka nu waliin deeman yoo barbaanne, kan keenya isaaniif hiruuf  fedhii qabaachuu qabna.

Gareen hawaasaa qaama hawaasaaa yammuu ta’u barnootni immoo kan qaamni lamaanuu walitti qabaniidha. Manni barumsaa dhaabbataa hawaasaa ta’ee iddoo muuxannoon barachuu barattootaa kaayyoo hawaasa bal’aa galmaan gahuuf yeroo dheeraaf itti yaadamee qindaa’uudha. Manni barumsaa akka cita sirna guddaa hawaasaattis hiikamuu danda’a. Manni barumsaa haala bu’a qabeessa ta’een naannoo garee hawaasaa keessa jiru waliin qindaa’uu qaba.

Gareen hawaasaa (community) walitti qabaa uummata daangaa sirritti beekamu keessaa jiraataniifi gochaalee hawaas-diinagdeen isaan tokko taasisuun walitti hidhamuun akka garee tokkootti kan waliin jiraataniidha.Gareen ijoon walitti dhufeenya mana barumsaa fi garee hawaasaa gidduutti hojjetan hoggansa mana barumsaa, barsiisota, hojjettoota bulchiinsaa, barattootaa fi maatii isaanii, qaamolee mootummaa fi boordii mana barumsaati.

Qaamolee itti dhiheenya cimaa mana barumsaan ala jiran hoggantoota dhaabbilee siyaasaa naannoo,dhaabbilee mootummaa, uummataa fi aadaa birooti. Maatiin yeroo maraa mana barumsaan kan qunnamaniidha.

Namoota hin baranne ganda keessa jiraniif waltajjiin mana barumsaa fi maatii akka hojii al-idileetti yoo ilaalameeyyuu hawaasni mana barumsaa akka ergama guddaatti fudhatu. Kanaafuu, maatiin qaama ijoo gaggeessaa sirna barnootaa mana barumsaati.

Gochaalee Mana Barumsaa fi Maatii /Garee Hawaasaa (School/parent/community activities)

Qunnamtii Maatii fi Barsiisaa (Parent-Teacher Communication)

Qorannoon akka mul’sutti ijoolleen mana barumsaa keessatti haala gaariin kan hojjetan yoo maatii barsiisota waliin yeroo yeroon dubbatanii fi mana barumsaa keessatti yoo hirmaataniidha.Karaan maatii fi barsiisota walga’ii idilee maatii fi barsiisotaa osoo hin eegin ittiin walqunnaman hedduutu jira.Walqunnamtiin dhiyoo maatii fi barsiisotaa barattoota kan gargaaruudha.

Maatii gochaalee fi taateewwan mana barumsaa keessatti hirmaatan carraa barsiisotaa waliin quunnamuu ni guddisu. Hirmaannaan dhaabbilee maatii fi barsiisotaa (PTO, PTA fi kan biro) keessatti taasifamu barsiisotaa fi maatiin daree barnootaa alatti waliin haasa’an carraa kenna.Kana malees, maatiin murtee waa’ee barnotaa mucaa isaaniirratti dhiibbaa taasisuufis akka gumaachan gargaara.

Yeroo baay’ee bara barnootaa haaratti barsiisonni waltajjii baga nagaa dhuftanii maatii barattootaa wajjiin ni qabaatu. Kana gochuun barsiisotaa akka barsiisonni maatii fi deeggarsa isaan gochuu danda’aniifi  ijoollee isaanii sirritti hubatan taasisa. Barsiisonni xiyyeeffannaa fi fedhii fooyya’iinsa ijoollee isaaniif maatiin qaban beekuun ni dinqisiifatu. Kun akka karaa qunnamtii saaqqatan isaan gargaara.

Misooma barnoota mucaa isaanii keessatti hirmaannaa gaariin biroo maatiin godhan tola ooluudha. Argamuu maatiifi fedhii isaanii akkasumas fedhii mana barumsaarratti hundaa’uun wantootni mana barumsaaf barbaachisan daangaa hin qaban.  Isaanis; too’annaa kutaa laaqanaa, leenjisuu, gargaarsa mana kitaabaa, hojjettoota yeroo taatee mana barumsaa badhaasuu fikkf dha.  Maatiin ogummaa fi fedhii isaanii tola ooltummaaf fayyadamuu qabu. Hoggantootni mana barumsaa wanta maatiin mana barumsaaf gumaachuu danda’an beekuu dhiisuun ni mala. Kanaaf, maatiin waan gumaachuu danda’an mana barumsaaf ibsuun barbaachisaadha.

Bilbila bilbiluu fi daree barnootaa ilaaluun karaa gaarii maatiin ittiin barsiisota waliin hojjetaniifi odeeffannoo waa’ee fooyya’iinsa ijoolleen isaanii argatan keessaa isa tokkoodha.  Maatii fi barsiisonni yeroo fi karaa mijataa ittiin walqunnaman mariidhaan murteessuu qabu..

Waltajjiin maatii fi barsiisaa yeroo hundaa jalqaba bara haaraa mana barumsaatti saganteeffama. Kun maatii fi barsiisonni tokko tokkoo barataarraatti dubbachuuf carraa gaarii akka qabaatan taasisa. Waltajjiin maatii fi barsiisotaa maamilummaa bara barnootaa guutuutti tajaajilu isaan lamaan giddutti uumamuuf carraa gaariidha.

Qunnamtii Mana Barumsaa fi Maatii Barattootaa Gidduu Jiru (Communication between school and parents)

Maatiifi miseensonni garee hawaasaa barnootaa ijoollee isaaniif gahee barbaachisaa kan taphataniifi hariiroo gaariin maatiifi mana barumsaa muuxannoo barachuu kan gabbisuudha.

Carraaleen idileefi al-idilee ta’an kan maatiin waa’ee fooyya’iinsa ijoollee isaanii mana barumsaa keessatti ittiin adda baafatan hedduutu jira.

Gabaasa  raawwii barataa (Reports on student performance)

Manneen barumsaa hundinuu waggaatti yoo xiqqaate si’a lama waa’ee raawwii ijoollee isaanii maatiif gabaasa barreeffamaa ni dhiheessu.

Gabaasa Waggaa  Mana Barumsaa (School annual reports)

Manneen barumsaa hunduu weebsaayitii mana barumsaa isaaniirratti xumura waggaati (Waxabajjii 30tti) gabaasa waggaa ni maxxansu. Gabaasni maxxanfamu odeeffannoo armaan gadii of-keessaa qaba.Isaanis:

  • Tokko tokkoo sirna barnootaa kennamu
  • Gochaalee barnoota wal-maddii
  • Akaakuu barattoota mana barumsichaa
  • Baay’ina barattoota simatamanii
  • Sadarkaalee waggaa barattoota barachaa jiranii (Year levels offered)
  • Dagaagina ogummaa dursa kenname (staff development priorities)
  • Haala hawaasa naannoo mana barumsaa, sagantaa fooyya’iinsa horsiisee bulaa fa’
  • Itti qufiinsa maatiin, barsiisaa fi barataan mana barumsaarratti qabu
  • Tarsiimoo maatii mana barumsaatti hirmaachisuuf manni barumsichaa itti fayyadame
  • Haala ijaarsa barsiisotaafi hojjettoota mana barumsichaafi sadarkaa barnootaa barsiisotaa
  • Baasii dagaagina ogummaaf bahe.
  • Hamma hojiirratti argamuu barsiisotaafi hojjettoota mana barumsichaa giddugaleessaan

Gaazexaalee (Newsletters)

Yeroo ammaa kana manneen barumsaa gaazexaa dhaabbataan qaama dhimmi ilaaluuf (maatii, kunuunsitootaafi garee hawaasaaf)waa’ee hojiilee, dagaaginaafi fedhiilee mana barumsichaarratti odeeffannoo kennuu ni maxxansu.

Xalayaalee (Letters)

Manneen barumsaa yeroo baay’ee xalayaa dhuunfaa gara manaatti barattootni geessaniin waa’ee dhimma barbaachisurratti maatii ni qunnamu.

Beellama Dhuunfaa (Personal appointments)

Maatiin yeroo barumsa ijoollee isaanii miseensa mana barumsichaa kamiiyyuu yeroo mijataa ta’etti qunnamuun dhimma barbaachisaa ta’erratti akka mari’atan ni jajjabeeffamu. Manneen barumsaa hundinuu seemisteera seemisteeraan gaaffii qomaa maatiifi barsiisotaa giddutti ni gaggeessu. 

Karaalee Ittiin Qunnamtiin Cimu (Ways to keep in touch)

Manneen barumsaa kamiiyyuu maatiif waa’ee fooyya’iinsa mucaa isaanii ilaachisee yoo xiqqaate waggatti al-tokko gabaasa ni kenna. Akkasums, waggatti yoo xiqqaate al-tokko walga’ii maatiifi barsiisaarratti maatiin akka hirmaatan ni affeeru.

Maatiin dhimma barbaachisu biroo irratti yeroo yeroon odeeffannoo akka argataniif, fakkeenyaaf, waa’ee sochii gumii, qarshii laaqanaa, daawwannaa barumsaa, guyyaa cufiinsa mana barumsaa fikkf ijoollee isaaniitiin xalayaa ni ergu yookiin ergaa “email”n ykn ergaa “mobile”n ni dabarsu. Haftee (Absence)

Maatiin yoo ijoolleen isaanii sababa dhukubaatiin yookiin beellama hospitaalaatiin daree irraa hafan mana barumsaa beeksisuu qabu. Mucaan mana barumsaa osoo hin dhufin hafee; maatiinis yoo hin beeksifne ta’e manni barumsaa waa’ee isaa adda baafachuuf bilbiluu danda’a.

Manneen barumsaa hedduun maatiin osoo beellamaan yeroo hin gubin kallattiidhaan barsiisaa daa’ima isaaniitiif waa’ee hafiitii ergaa ‘email’ akka qaqqabsiisan ni jajjabeessu. Haalli kun rakkoon osoo hidda hin godhatin dursaan hiikuuf baay’ee murteessaadha.

Mana Barumsa Sad.1ffaa Keessatti Walga’ii Maatii fi Barsiisaa (Parent-teacher meetings at primary school)

Bakka walga’ii maatiifi barsiisaatti maatiin barsiisaa daree daa’imman isaanii qunnamuun akkaataa daa’imman kun itti hojjechaa jiran adda baafachuu danda’u. Mana barumsa sad.1ffaatti daa’imman yeroo baay’ee maatii isaanii waliin gara walga’ii maatiifi barsiisaatti hin dhufan. Barsiisaan isaanii waa’ee barachuu ijoollee maatiif odeeffannoo ni kennu. Maatiin fakkeenya hojii ijoollee isaanii kan yeroo dhiyoo ilaaluu qabu. Beellamni maatiifi barsiisaa yeroo baay’ee daqiiqaa 10 kan ta’eefi gara galgalaatti ta’a.

Gaggeessitootni barnootaa, hojii galii dabalu fi dagaagina garee hawaasaa yeroo ammaa hedduun manni barumsaa kophaa isaatti dargaggoota ga’eessummaa bu’a qabeessaafqopheessuu akka hin dandeenye mirkaneeffachaa dhufaniiru. Manneen barumsaafi gareen hawaasaa galma waliinii fiixaan baasuuf walitti dhiheenyaan hojjechuu qabu. Manneen akka bakka misooma guddaa hawaasaatti xiyyeeffannoo yoo qabaate deeggarsa baay’ee barattootaaf, maatiif, fi hojjettootaafi barsiisota mana barumsaatiif kennu. Karaa biraatiin, dhaabbileen adda addaa manneen barumsaa waliin ta’uun tajaajilli adda addaa caalaatti barattootaafi maatii bira akka gahuu godhu. Waldeeggarsiifi tumsi bu’a qabeessa ta’e dagaagina garee hawaasaaf, barachuufi maatiin akka of-danda’an gochuu keessatti gahee murteessaa qaba.

Maamilummaan manneen barumsaa fi garee hawaasaa gidduu jiru leeccalloo manneen barumsaafi garee hawaasaa akka walitti fiduutti ilaalamuu qaba. Hariiroon kun leeccalloofi meeshaalee mana barumsaa ykn ollaatti fayyadamuu, leeccalloo biroo waliif hiruu,walgargaaruun baajata guddisuu, gargaarsa tola ooltummaa, leenjii ogeessotaan kennamu, odeeffannoo waliif hiruufi tamsaasuu, beekumtiifi qunnamtii uummataa, karoorsuuf gahee walii qooduu, hojiirra oolmaafi madaallii sagantaaleefi tajaajila adda addaa, carraa shaakala dirree, hojiifi bashannanaa babal’isuu fi miira hawaasummaa uumuu/dagaagsuuf kan gargaaruudha..

Hariiroon mana barumsaa fi garee hawaasaa leeccalloofi tarsiimoo hedduu akka hawaasni dargaggootaafi maatii isaanii gargaaruu danda’u cimsuuf tajaajilan walitti kan fiduu dha. Leeccalloofi tarsiimoon kun manneen barumsaa fooyyeessuu, ollummaa jabeessuufi rakkoo dargaggootaa haala mul’achuu danda’uun hir’isuu kan danda’aniidha. Hariiroo akkanaa uumuun mul’ata, karoora tarsiimawaa, hoggansa waa uumuu danda’u fi ogeeyyii manneen barumsaafi hawaasaa gahee haaraa bifa adda addaa qaban barbaada.

Hariiroo/Maamiltummaa (Partnerships)

Qabxiileen armaan gadii leeccalloowwan garee hawaasaa maamila manneen barumsaa ta’an yookiin ta’uu danda’an kan ibsaniidha.

  • Qaamoleefi dhaabbilee adda addaa  (Muummeewwan fayyaa, Fayyaa Sammuu, Tajaajiloota ijoolleefi maatii, Dhaabbilee tajaajila hawaasaa, Wajjira barnootaa, Muummeewwan poolisii fi ibdaa, Paarkiwwan fi iddoowwan bashannanaa, Mana kitaabaa, abbaa taayitaa manneen jireenyaa, fi kkf)
  • Qaamolee mana qopheessaa
  • Waldaa barsiisotaa, waldaa narsootaa, hawaasa dhibee kaansarii (Cancer Society), fannoo diimaa, dhaabbilee tola ooltummaa fikkf 
  • Garee dargaggootaa (Gumii dhiiraafi shamarranii, Iskaawutoota (scouts), wiirtuu dargaggootaa fikkf)
  • Garee fayyaa/guddinaafi jabeenya qaamaa (Liigii atileetiksii, l gyms naannootti argaman, waldaa kunuunsa naannoo, fikkf.)
  • Dhaabbilee Garee Hawaasaa (Community-Based Organizations) ( Waldaa ijaarsa manneen jireenyaa, garee guddina diinagdee, waldaalee uummataa fikkf)
  • Faith Community Institutions (The Lincoln Interfaith Council, Catholic Social Services, Lutheran Family Services, congregations and subgroups, etc.)
  • Waldaalee sabootaa (Ethnic Associations) (Wiirtuu garee hawaasa Eshiyaa, Wiirtuu Indiyaa, Jaarmanoota hawaasa Raashiyaa fikkf)
  • Artistootaafi dhaabbilee aadaa (Goda Hambaa, agarsiisa aartii, Paarkii, Garee tiyaatiraa, wiirtuu TVfi Raadiyoo, dhaabbilee barreessitootaa fikkf)
  • Miseensota maatii, jiraattota naannoo, garee manguddootaa fikkf dha.

Gochaalee (Activities)

Maamiltummaa mana barumsaafi garee hawaasaa cimsuuf gochaaleen manneen barumsaa raawwatan hedduudha. Kanneen armaan gadii isaan muraasa:

  • Hawaasni naannoo leeccalloo mana barumsaatti akka fayyadamu jajjabeessuu (Encourage Community Use of School Facilities): Dareewwan mana barumsaa yeroo baa’ee wayitii barumsa idileetiin ala duwwaa taa’u. Gareewwan hawaasaa bu’aaf hin hojjennee leeccalloo mana barumsaatti akka fayyadaman jajjabeessuun leeccallootti haalaan fayyadamu qofa osoo hin ta’in mana barumsichaa carraa piroojektii dhimma hawaasaa keessatti hirmaachuu kan kennuufiidha
  • Torbee Mana Barumsaatti Deebi’uu (Back to School Week): Manneen barumsaa bara barnootaa keessaa torbee maatiifi miseemsota hawaasaa gara mana barumsaatti affeeru filachuu qaba. Manneen barumsaa carraaqqii addaa ittiin garee hawaasaafi abbooti qabeenyaa gara mana barumsaatti affeeruun waa’ee fooyya’iinsa mana barumsaarratti guyyaa tokkoof ykn guyyaa walakkaaf akka mar’atan gochuu.
  • Odeeffannoo Miidiyaan Dabarsuu (News Releases): Odeeffannoon waa’ee mana barumsaa gara miidiyaa naannootiin akka darbu gochuun tarsiimoo cimaa ittiin hariiroo uummataafi sagantaalee hawaasaa bira gahuuf gargaaruudha.
  • Xalayaalee ergaa (Newsletters): Xalayaalee ergaa yeroo yeroon qopheessuun maatii barattootaa, miseensota boordii mana barumsaa, abbootii qabeenyaa fi miseensota hawaasaa biroo akka dhaqqabu taasisuudha.Provide periodic newsletters not only to the families of the students, but also to board members, business leaders and other community members. Naamoota haaraa xalayaa ergamutti dabalaman adda baafachuuf sirna salphaa odeeffannoo kuusuutti (simple database) fayyadamuu; miseensotni mana barumsaa namoota xalayaan kenname akka eeran jajjabeessuu.
  • Kabajamoo Beeksisuu (Honor Roll): Miidiyaa naannootti argaman irratti maqaa barattoota bara barnootaatti raawwii cimaa hojjetan maxxansuudha.

Karaa waldaalee qindaa’aniin alatti karaalee gochaalee hedduutiin manni barumsaa maatiifi hawaasatti of ifaa ni taasisa.Hirmaannaa miseensota mana barumsaa biratti hirmaannaan maatii gadaanaa yoo ta’eeyyuu, (Taateewwan manni barumsaa qindeesserratti maatiin irra caalaa dhageeffattoota (audience) dha) gochaaleen kunniin wantoota mana barumsaa keessatti ta’an irratti fedhii maatii dabaluun hirmaannaa hiika qabeessa ta’e akka isaan taasisaniif tarkaanfii duraa ta’a.

Caasaalee Mana Barumsaafi Maatii Gidduu Jiran (Structures between the school and parents)

Caasaaleen kun gamtaa maatiifi gamtaa maatiifi barsisaa kan of-keessatti hammatuudha. Kun naannoo dareewwan dhuunfaatti, sadarkaa kutaatti, yookiin sadarkaa mana barumsaatti aangoo koreen boordii mana barumsaa qaburratti hundaa’uun qindaa’uu danda’a. Gareen maatii akka barattoota mana barumsaa duriitti qindaa’uun yookiin akka dhuunfaatti qindaa;uun mana barumsaa gargaaruu danda’u.

“Qindaa’inni bifa kanaa akka galtee xumuraatti maatiifi hojjettoota mana barumsaa walitti fiduun dhimma ijoo fi murteessaa kan ta’e dagaagina barnootaa fi dhuunfaa ijoollee guddisuuf garee hawaasaa mana barumsaa akka ta’an  gargaaruu danda’a” (Redding 1991:153).

Gareen hawaasaa mana barumsaa kun seerota baay’eerratti hundaa’u. Kunis:

• Miirri garee hawaasaa maatiifi hojjettoota mana barumsaa keessa yoo jiraate ijoolleen caalaatti ni baratu akkasumas ijoolleen baay’een barachuuf mana barumsaa keessa ni turu.

• Manni barumsaa dhaabbilee beekamoon walitti hidhamuu fi bu’aalee barnootaa ifa ta’anitti of-kennuun garee hawaasaa cimaa akkasii uumuu danda’a.

• Gamtaan hoggantoota mana barumsaa, barsiisotaa fi maatii kan cimu barnoota maatii fi barsiisotaatiin, qunnamtii gaarii manaafi mana barumsaa gidduu jiruun, muuxannoo fi gamtaa beekamoo jiruun fikkf  (Redding 1991).

(d) Dhaabbilee Mana Barumsaafi Hawaasa Naannoo: Waldaa Maatiifi Barsiisaatiin Ala   Jiran (School and community organizations: beyond the PTA)

Dhaabbileen maqaaleefi caasaalee adda addaa qabaachuu danda’u. Koree hoggansa mana barumsaa, boordii hoggantootaa yookiin boordii mana barumsaa jedhamuu danda’u. Miseensonni isaanii dhaabbilee idilee barbaachisaa ta’anii hawaasa naannoo keessa jiran (qaama amantii, mootummaafi miti mootummaa naannootti argaman), namoota filannoo sadarkaa hawaasaatti filataman yookiin miseensa hawaasa naannoo akka bakka bu’oota fedhii garee gurmaa’ina gadaanaa qabaniitti; kanneen akka waldaa dubartootaafi hawaasa aadaa durii qaban irraa bakka bu’uu danda’u.

Garee  akaakuu kanaa kamiiyyuu faayidaa hedduu qabaachuu danda’a. Kunis:

• Imaammata waliigalaa barnootaa baasuu.

•Sagantaa waggaa waa’ee simannaa, harcaatii hambisuufi fiixaan bahiinsa barattootaatiin walqabatu qopheessuu.

• Ijaarsa mana barumsaa too’achuu, eeguu fi fooyyessuu (Kun karaa waliigaltee jiraattota naannoo waliin tasifamuun ta’uu danda’a).

• Akkaataa leeccalloo mana barumsaatti waliin itti fayyadamamu saganteessuu.

• Filannoo qindeessaafi itti aanaa qindeessaa mana barumsaa keessatti hirmaachuu.

• Hojjattoota deeggarsaa mana barumsaa mindeessuu

• Baajataafi leeccalloo mana barumsaa hogganuu

• Leeccalloo dabalataa dhiheessuu (Fkn Ijaarsa mana jireenya barsiisotaafi daree)

• Sagantaalee gaggeeffamaa jiran too’achuufi madaaluu

• Hubannoon waa’ee mana barumsaa hawaasa naannoo akka cimuufi itti fufu taasisuu, keessumaayyuu kana namoota hirmaannaa mana barumsaa qabnee guddisuu

• Manni barumsaa hawaasa naannoof itti waamamaa ta’uu isaaf karaa (channel) ta’uun tajaajilu

• Madda waa uumuufi yaada haaraa ta’uu

Tooftaaleen adda addaa pirooktii keessatti fudhatamuun haalli barbaachisaan hawaasni naannoo ittiin qaaccessa wantoota armaan gadii keessatti hirmaannaa taasisan uumameera. Kunis:           a) Amala adeemsa barnootaa sadarkaa 1ffaa; b) Hawaasni naannoo akka filannoo biraatti deeggarsa teeknikaa alaa taasisuufi deeggarsa humna namaa qaama mootummaafi miti mootummaa keessaa taasisuu; c) Galma yeroo gabaabaafi dheeraa walitti qindeessuun fooyya’iinsa gochaalee waliigala manneen barumsa sadarkaa 1ffaa (UPE) fiduu.

Tooftaaleen piroojektii keessatti fudhataman kunis: (a) Sadarkaa barnootni ganda hundumaa keessatti irra jiru qo’annoo fulleeffannaa hirmaachisaa gaggeessuun karooraa xiqqaa sirnaawaa ta’e qopheessuu; b) Hirmaannaa manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa, hojjettoota sadarkaa gadii muummeewwan mootummaafi kanneen biroo qophii karoora gochaalee al-idilee keessatti hirmaachisuu; c) Koreewwan gorsaa hoggantoonni olaanaa barnootaa hoggantoota barnootaa sadarkaa gadii gorsan mijeessuu; d) Karaa mala biraatiin deeggarsa siyaasaa yaada UPE kennuu; e) Dhaabbileen hawaasa naannoo bifa gurmaa’ina qabuun gochaalee UPE keessatti akka ciminaan hirmaatan affeeruu; f) Akka hawaasni naannoo garee dargaggootaa, dubartootaa, ijoolleefikkf hundeessuun misooma naannichaa hundarratti akka hirmaatan ittiin taasisan gochuu; g) Ganda hundarratti namoota baratanii ogeeyyii hin ta’in hoggantoota gandaatiin mari’achuun walitti qabuufi isaan leenjisuun akka caalaatti dagaagina isaanii qo’atan gochuu; h) (h) Qindeessitoota barnootaa (kanneen gara fulduraatti too’attoota barnootaa ta’an) baadiyyaarraa namoota hawaasni akka namoota mataa isaaniitti ilaalan filachuu; i) Qindeessitoota barnootaa akka qaama jijjiirama barnootaafi hawaasummaa fidutti gad-fageenyaan leenjisuu; j) Sagantaa hundeeffamaa qabatamaa gochuu; k) Sagantaa deeggarsa waliigala barnoota sadarkaa 1ffaa f (UPE) kennamu barnoota idileen duraa hundeessuun, garee walaalummaa balleessan uumuufi duula dammaqauu dubartootaa, dargaggootaafi ijoolleef jalqabuun ol-guddisuu; l) Maamiltootaaf meeshaalee leenjii haalaan qindaa’an qopheessuufi kennuufii; m) hawaasa naannoofi qaama deeggaran biroo affeeruun sirna barnootaafi meeshaalee baruu-barsiisuu bu’a qabeessummaa qabiyyeen barnootaa aadaafi gagaaginaaf qabufi mijaa’ina afaanii ilaaluuf qopheessuu; n) Barsiisonni idilee mana barumsaafi too’attooni barnootaa akka suuta suutaan dhiibbaa gochaalee kanneen jalatti dhufan gochuun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa caalatti faayidaa qabeessa taasisuu.

Akka “Campbell”fi miiltonni isaa (1963) addeessanitti manneen barumsaa yookiin dhaabbileen barnootaa amaloota addaa armaan gadii qabu. Isaanis:

  1. Uummataaf mul’achuufi xiyyeeffatamuu Dhabbanni  Barnootaa (Manni barumsa) sababoota adda addaatiif hojiilee  achi  keessatti hojetamani garee miseensa hawaasa hedduu(baay’innan) ofi keesaatti  hammachuun, dhabbaata  kan biroo caalaa miseensi  hawaasa caalaamti kan mul’tu fi xiyyeefatamudha. Miseensi garee hawaasa hedduun tajajila dhabbaata barnootaa(Mana barumsa) kennuuf hojiilee mana barumsa  keessatti rawatamuuf kan quqamu, fi xiyyeefannoo kennadha.kanaaf manni barumsaa hawaasa naannoo isaa waliin walitti dhufeenyaa gaarii uumuuf fedhii garee hawaasa adda addaa irra eguu san guutuu irra eegama.
  • Walitti dhufeenya barbachisaa fi cimaa .Sadarkaa walitti dhufeenya dhala namaa ogeeyyii mana barumsa gidduu jiru sadarkaa walitti dhufeenya ogeeyyi dhabbiilee biro caalaa cimaadha. Walitti dhufeenyi kunnis kan mul’tu bifa barataa gidduutti  ,barattootaaf  barsiisa gidduutti, barsiisa fi barsiisaa gidduutti akkasumas barsiisaa fi maatii barattootaa kan mul’tudha.
  • Walxaxxumma hojii – Hojiileen dhabbataa barnootaa keessatti hojetaman hojiilee dhabbataa biro keessatti hojetaman caalaa amala walxaxa kan qabu dha.Manni barumsaa tajaajila barnootaa hawaasaa kennuun nama/lammi beekkumsa dandeetti qabu oomishuudha. Sababni amala walxaxummaa hojii qabaateef mana barumsaa nama barate oomshuun yaad qalbii namootaa jijjiruu iratti waan xiyyeeffatuuf.Keesummaayyuu yaadi qalbiin dhalli namaa walxaxaa fi kan jijjiramu waan ta’eef.Inni biraan immoo kaayyoo baruu barsiisuu guutuuf ykn galmaan gahuudhaaf haalli leenjiin itti kennamu tajaajila mana barumsaa kan dhaabbilee hawaasaa biro caalaa walxaxaa taasisa.
  • Kan ogeessota Ogummaa Caalatti Qaban of keessaa qabuudha (Staff professionalization) Dhaabbileen barnootaa dhaabbilee hawaasaa birootiin walbira qabamee yoo ilaalaman irra caalaa humna nama ogummaadhaan leenji’an of-keessaa qabu. Ogeeyyiin dhaabbata barnootaa hojii isaaniirratti irra caalaa bilisummaa ogummaa kan qabaniidha.
  • Madaaluuf rakkisaa ta’uu (Difficulty in appraisal) Jijjiiramni yaad-qalbii dhaabbilee barnootaa kanneen akka mana barumsaa keessatti mul’atan yeroo gabaabaa keessatti kan hin mul’anne waan ta’een bu’aa dhaabbilee hawaasaa biraatiin yammuu walbiratti  ilaalamu sadarkaa jijjiirama bu’aa mul’atuu safaruufi madaaluun rakkisaadha.
  • Kan hawaasaaf baay’ee murteessaa ta’eedha: Faallaa dhaabbilee tajaajila adda bahe kennanii, manneen barumsaa tajaajila barnootaafi leenjii namoota sektaroota hawaasaafi diinagdee adda addaa keessatti hojjetan cimsu kan kennuudha. Tajaajilli mana barumsaa bu’a qabeessummaa sektaroota biyyattii hundaaf bu’uuraadha. Kanaafuu, bulchiinsi mana barumsaa gochaalee fedhiilee hawaasaa guutaniif xiyyeeffannaa kennuu qaba.

 “Bush”fi Miiltonni isaas (1980) amaloota adda dhaabbilee barnootaa arfan armaan gadii adda baasaniiru. Isaanis:

  1. Kaayyoolee industiriitiin walbira yammuu qabamu kaayyoolee mana barumsaa ibsuun ulfaataadha.
  2. Dhalli namaa mana barumsaaf meeshaalee dheedhiidha. Kanaafuu, adeemsi oomishaa mana barumsaatti humna namaa dhaabbilee biroo keessatti haalaan hojjetan leenjisuudha.
  3. Walfakkeenya leenjii barsiisotaafi hoggantoota mana barumsaa. Miseensonni barsiisotaa (academic staff) baay’een qindeessaa mana barumsaas dabalatee dug-duubee walfakkaataa irraa kana dhufan waan ta’eef  leenjiin salphaatti walirraa baruu danda’u
  4. Haala dhaabbilee birootiin bu’aalee barnootaa safaruun rakkisaadha.

“Graff” and Miiltoowwan isaa “Ayalew (1991)”keessatti akka ibsanitti amaloota addaa dhaabbilee barnootaa shanan armaan gadii eeraniiru. Kunis:

  1. Manni barumsaa dhaabbata adda ta’eedha: Barnootaa fi leenjii miseensota hawaasaafi lammiileef kan kennuudha.
  2. Manni barumsaa kallattii gara fulduraa dhaabbilee hawaasaa hundarraa fudhata. Sadarkaan kenniinsa beekumsaafi leenjiin ogummaa mana barumsaa fedhii hawaasaatiin qajeelfama. Kana jechuun tajaajilli guddaan mana barumsaa itti gaafatamummaa sirna barnootaa fedhii hawaasaa guutuu danda’u bahuudha.
  3. Manni barumsaa fiixee walitti bu’iinsa aad-xiqqiitti (conflicting values) argama. Kana jechuun ijoolleen muuxannoo, ilaalchaafi aad-xiqqii (values) adda addaatiin gara mana barumsaa dhufu. Manni barumsaa aad-xiqqii barbaachisaa maamiltoonni waliin qaban dagaagsuufi hundeessuuf itti gaafatamummaa qaba.
  4. Walitti dhiheenya mana barumsaafi hawaasa naannoo. Manni barumsaa walitti dhiheenya cimaa hawaasa naannoo waliin kan qabuudha. Hariiroon walitti fufiinsaan mana barumsaafi hawaasa naannoo giddutti kan ittiin mul’atu walitti dhufeenya ijoolleefi mana barumsaatiin akkasumas walqunnamtii maatiifi mana barumsaa gidduu jiruun dha.
  5. Manni barumsaa kallattii uummataatiin hojjeta (School points directly towards people) –Kana jechuun itti fayyadama boruutiif beekumsaafi ogummaa kan kennuudha. Kennamuun beekumsaafi ogummaalee kun dagaagina hawaasaatiif akka qabeenya dhaabbataatti ilaalama.

Gaaffilee Of-Iyyaafachuu (Self-Test Questions)

Akka abbaltiitti gaaffilee armaan gadii yaali Itoophiyaan akka fakkeenya biyya aadaa saba baay’ee qabduutti maaliif ilaalamti? Muuxannoo kee mana barumsaatti qabdurratti hundaa’uun hoggansa baruu-barsiisuu manneen barumsaa ija aadaa  saba baay’eetiin madaali.
Yaada Xumuraa Boqonnichaa (Unit Summary)

Carraaqqii qulqullina barnootaa fooyyessuuf taasifamu keessatti gahee ijoon barsiisonni manneen barumsaafi maatiin, waldaaleen hawaasaa fi dhaabbileen miti-mootummaa manneen barumsaan ala jiran taphatan ni jiru. Haala gamtaa adda addaa hundeessuuf barbaachisu (Fkn. Hundeeffama koreewwan mana barumsaa yookiin gamtaa maatiifi barsiisaa) hojiirra oolchuun salphaa fakkaachuu danda’a. Haa ta’uu malee, hirmaannaa dhugaa mirkaneessuun, barsiisotaa fi hawaasa naannoo haangessuun, beekumsaafi ogummaa barbaachisu horachuun fi tarkaanfii sirrii fudhachuun jijjiirama barbaachisaa gama barnoota karoorsuufi hogganuu, qabattootaafi haalota hirmaannaa jajjabeessan itti yaaduun cimsuufi tooftaalee fi adeemsa qabatamaa ogeeyyii karoorsaniifi hogganan qajeelchan qopheessuu barbaada.

  Gaaffilee of-iyyaafachuu

Gaaffileen armaan gadii dhimmoota ijoo boqonnaa kanaa kan gaafataniidha. Garee miseensa afur afuriin hundeessuun irratti mari’adhaa.

  1. Bu’aa barnootni hawaasaaf qabu ilaachisee waa’ee maal barattan?
  2. Walqixxummaa barnootaarraa hawaasni hunduu ni fayyadama jettanii ni yaadduu?
  3. Milkaa’ina baruu-barsiisuuf gumaachi hawaasaa akkamitti barbaachisa?
  4. Gahee maatiin mana barumsaa keessatti qabu adda baasuun ibsaa.
Leeccalloo Baruu-Barsiisuu (Instructional Resources)

Charmi Patel, (2011)The Importance of Education in Today’s Society http://choosingtheright careerforyou.blogspot.com/

Che Nolan (2013) What is Education Worth to Society? http://blog.vittana.org/what-is-education-worth-to-society

Yelena Mitrofanova (2003) Building Community-Schools Relations School- Community Partnerships: A Guide; U.S. Department of Health & Human Services.

NIRAV S. (2013) What is the Relationship between School and Community?  http://www.preservearticles.com/2012011020535/what-is-the-relationship-between-school-and-community.html

Communication between school and parents. (2013) http://education.qld.gov.au/parents/school-life/communication.html

Parent-Teacher Communication (2013) http://urbanext.illinois.edu/succeed/ communication.cfm

Contact between school and parents (2013) http://www.bbc.co.uk/schools/parents/contact_with_school/print

0
Created on By admin

TECS 222 Chapter 3 Quiz

TECS 222 Chapter 3 Quiz

1 / 5

TECS 222 3.1. Amala mana barumsaa ammayyaa kan hintaane kami?

2 / 5

TECS 222 3.2. Hirmaannaan hawaasaa galmoota gurguddoo meeqa qaba?

3 / 5

TECS 222 3.3. Mana barumsaa aadawaa keessatti daa’imman kaka’umsa keessootiin baratu.

4 / 5

TECS 222 3.4. Milkaa’ina kaayyoo adeemsa baruu barsiisuutiif hirmaannaan hawaasaa murteessaadha.

5 / 5

TECS 222 3.5. Tajaajilli mana barumsaa kan dhaabbilee biroo caalaa walxaxaadha.

Your score is

The average score is 0%

0%

Boqonnaa afur

Gareewwan wal-makoo barsiisuu (Teachining diversfied groups)

Seensa boqonnichaa    

Barattoonni haala ykn jireenya adda addaa keessaa akka dhufan beekamaa dha. Barattoota qabeenya,aadaa,siyaasa,afaani fi hawaasa garagaraa keessaa dhufan kana manni barnootaa haalaan keessumeessuu qaba.Garaagarummaan jiraachuu fi garaagarummaa kanaaf haala mijeessuun bu’aa beekumsa hubanoo fi amala garee adda addaaa hubachuu ti.Walumaagalatti, boqonnaan kun waa’ee jirachuu gareewwan akkasii fi barnoota keenya galmaan ga’uuf akkaataa gareewwan kana itti keessumeessuu qabnu kan keessatti hubannu ta’a.Dabalataanis batsiisonni daree keessatti jiraachuu barttoota gareewwaan adda addaa keessa dhufanii kana beekuun dandeetti barumsa kan giddugala taasifatee kennuu horachuu dha.Barsiisaan dandeettii fi mala baruu fi barsiisuu bu’ura kana qabaachuu qaba.Galma ga’uu barnootaaf fedhii barattoota hawaasa aadaa saba baay’ee keessaa dhufanii kana giddugala tasifachuun dhimma murteessaa dha jedhameeti amanama.Qorannoowwan addunyaa garagaraas kanuma mirkaneessu.

Bu’aalee Boqonnichaa;

Barattoonni barnoota ykn koorsii boqonnaa kanaa erga xumurtaniin booda:-

  • Yaad-rimee barnoota aadaa saba baay’ee ni hubattu.
  • Seer-daandii (principle), haala fi kallattii aadaa saba baay’ee ni beeku.
  • Garaagarummaa akka sanyii,amantaa,hir’ina qaamaa ,saalaa fi kkf jiraachuu ni amanu.
  • Graagarummaa gama aadaa,amantaa,sanyii,fi qabeenyaa ni dinqisiifatu.
  • Biyya keenya keessatti hawaasa wal-fudhatee fi wal-jaalatu uumuuf qooda ni fudhatu.
  • Garagarummaa dinqisiifachuu fi kabajuun lammii barnootni walabummaa, walqixxummaa,fi waliin ga’iinsa qabu taasisuu keessatti ittigaafatamummaa ni fudhatu.
  • Bakka hojii isaaniitti aadaa saba baay’ee hojii irra oolchuuf ni carraaqu.

Haala barnoonni boqonnaa kanaa ittiin dhiyaatu

Boqonnaa kana barsiisuuf barsiisaan haala qabatama barataa ykn leenji’aa irratti hundaayuun dandeettii mala baruu fi barsiisuu mijataa adda basuu fi hojii irra oolchuu qabaachuutu irraa eegama. Boqonnaa kana keessatti malli baruu fi barsiisuu shaakalaa fi gocha irratti hundaayekan leenji’aan dammaaqinaan odeeffannoo funaanuu,calaqqee dhiyeessuu,adeemsa adda addaa keessatti raawwatuu fi odeeffannoo argate dandeettii qabatamaa ta’eetti jijjiiruun keessatti raawwatamuu dha.Kanaafuu malli sammuu barataa ykn leenji’aa haaromsuu,gaaffii fi deebii,marii garee xixinnoo,agarsiisaa,ga’ee taphachuu,dhuunfaan dubbisuu,calaqqee dhiyeessuu fi gareen wal-barsiisuun keessatti raawwatamuu dha.Dabalataanis od-ibsi boqotaa fi gaaffii fi deebiin keessatti ni raawwatama.

Gocha barataa ykn leenji’aa:-

  • Maalummaa fi jireenya garee adda addaa irratti yaada ofii kennuu fi marii keessatti haala ho’aa  ta’een  ni hirmaatu
  • Haala qabiinsaa garee adda addaa irratti leenjitoonni ragaa adda addaa sakatta’uu fi mana kitaabaatti fayyadamuun marii ni gaggeessu.
  • Shaakalaa boqonnichaa keesatti marii garee xixinnoo fi calaqqee irratti ni hirmaatu.
  • Fakkeenya muuxannoo qaban irraa ka’uun daree fi mana barnootaa keessatti jireeny garee adda addaa iratti calaqqee ni dhiyeessu.
  • Waliin adeemuu fi wal-fudhannaa garee adda addaa kana irraa faayidaa argamu irratti calaqqee ni dhiyeessu.
  • Qabiyyee fi mata-duree hunda hubachuu isaanii irraatti dareef yaada ni kennu.

Gocha barsiiraa ykn leenjisaa

  • Marii garee fi calaqqee leenjitootaaf haala ni mijeessa.
  • Hoggansii fi miseensi garee loogummaa saala irraa bilisa ta’uu ni mirkaneessa.
  • Marii leenjitootaa qajeelchuuf gaafilee ka’umsaa ni dhiyeessa.
  • Kan hubannaan leenjitootaa ittiin adda bahu battalleewwan adda addaa qabiyyee barnootichaa giddugala taasifatee ni qopheessa.
  • Battalleewwan sirreessuun duub-deebii battalatti ni kenna.
  • Iyyaafannoo walittifufaa hammamtaa fi akkamtaa irratti hundaaye gaggeessuun galmeessee ni qabata.

Mala iyyaafannaa boqonnichaa:-

  • Iyyaafannaa walitti fufaa hammamtaa fi akkamtaa yeroo barnootichaaf ramadame giddugala taasifateen leenjisaan sochii hunda ni madaala.
  • Madaalliin leenjisaa fi waliin waliinii calaqqee mata duree kennamee,hojii ykn pirojektii garee,fi haala qabannaa ragaa (portifolio) bu’aan galmaayee ni qabama.
  • Duub-deebiin fi sirreeffamni  dhuunfaan, hojii garee,hojii pirojektii fi abbaltiiwwan irratti ni taasifama.
  • Barnooticha iyyaafachuu fi madaluuf battalleewwan,qormaata walakkeessaa fi qormaata xumura koorsichaa kennuun qabxiin baratootaa ykn leenjifamtootaa dhuma irratti ni murtaawa.

Dagaagina barnootaa amansiisaa taasisuu keessatti dandeettii aadaa garagaraa,dudha,qabeenyaa fi siyaasa barataa ykn leenji’aa  giddugala taasifachu qabaachuun murteessaa fi barbaachisaa dha.Korsiin kunis barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifate irratti leenjitoota dandeettii bu’ura, hubannaa fi ilaalcha waliigalaa akka qabaatan taasisuu dha.Yaad-hiddamoota garagaraa aadaa saba baay’ee irratti waabeffachuun leenjifamtoonnii koorsii kana irraa yaad-rimee aadaa saba baay’ee,walittidhufeenya isaanii,hamilee fi sansaaka horachuun bu’aa barnoon kun hawaasaaf qabu akka hubatan taasisuu dha.Dabalataaniis leenjifamtoonnii muuxannoo fi dandeetii hawaasa waliqixxummaa fi walfudhannaa irratti hundaayee horachuuf ga’ee akka taphachuu danda’an taasisuu dha.

4.1 Dareen barnootaa wal-makoo maali? (What is diversified class room?)

Shaakala  4.1

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adha.

1.Daree barnootaa keessatti yaad-rimee haala garaagarummaa adda addaa akkamitti ibsita? 2.Garaagarummaan tokkummaa (humna) ta’uu isaa irratti akkamitti yaadda?

Manni barumsaa ykn dareen barnootaa leenjitoota (barattoota) aadaa hawaasaa,qabeenya,afaan fi amantaa garagaraa irraa dhufan of-keessaa qabu mana barumsa ykn daree barnootaa garee adda addaa jedhama.Yeroo ammaa kana barsiisonni (leenjistoonni) aadaan garagaraa jiraachuu hubachuun mana barumsaa fi daree barnootaa keessatti leenjitootaa isaaniif simannaa gaarii taasiuu qabu. Yeroo ammaa barattoonni baay’een  aadaa,afaan fi amantaa isaanii akka addunyaatti yeroo bay’eee akka calaqqisiisifatan mirga domokraasii ni qabu. Darbee darbee garagarummaan aadeffannaa barattoota gidduutti mul’atu kun yeroon rakkina itti uumuu fi akkasumas yeroon carraa fi walittidhufeenya garii itti ta’us ni mul’ata.

Yeroo ammaa haalli naannoo manneen barnootaa barattoota ka’umsa aadaa garagaraa qabaniin guuttamaa waan dhufaniif sirna barnootaa fi haala ijaarsa maneen barnootaa keenya irraa deebinee ilaaluu murteessaa ta’ee argameera.Dareen barnootaa haaraan kunis amala baruu fi barsiisuu adda addaa kan hammate ta’uu qaba.Adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti tokko tokkoo barataa hirmaachisuuf mala baruu fi barsiisuu hirmachisaa ta’e qabaachuun murteessaa ta’ee argameera.Malli kunis kan jijijjiramu,ka’umsa qajeelfamaa tokkoof kan barsiisaa (leenjisaa) isaa itti dhaggeeffatuu fi kaka’umsa gochaalee garagaraa raawwachuuf hiriyootaa fi barsiisota isaa waliin itti waliigaluu dha.Kunis gareewwan xixinnoo keessatti hirmaachuun hojjechuu,lama lama ta’uun,dhuunfaan,fi akka dareetti marii gaggeessuu kan ofkeessatti hammatee dha.Dareen barnootaas beekumsaa fi yaada burqisiisuuf,waliigaltee uumuuf walumaagalatti haala baruu fi barsiisuu saffisiisuuf bu’urumarraa mijataa ta’uu qaba.

Bu’urumarraa kan dhugomsuuf wal-fudhannaa garee,dandeettii fi adeemsa hawaasaa wal-simsiisaa deemuu barbaachisa.Adeemsi namni dhuunfaa aadaa isaa hawaasa waliin wal-simsiisaa fi wal-fudhachiisaa deemuu kun hawaasummaa jedhama.Hawaasummaan bal’inaan shaakalamuu kan qabu maatii keessatti bakka daa’immaan abbaa fi haadha isaanii amalaan fakkaattii itti taasifatan tokkummaa carraa fi waliigaltee itti uummatan ykn immoo adabbii ,wal-foo’uu,gad-aantummaa,qarqaratti ba’uu fi carraa gad-aanaa itti horatan waan ta’eef seeraan qabamuu baannaan bu’aa isaa irra midhaan baay’achuu danda’a.Hawaasummaan bakka namoonni fudhatamummaa isaanii akka garee fi hawaasaatti dudhalee fi adeemsi hawaasaa itti ijaaramu ta’uu qaba.

Barnoonni aadaa saba baay’ee giddugala taasifate kunis barnootaa fi qajeelch barnootaa aadaa heddu giddugala taasifachuun kan walitti fidu ta’uutuu irraa eegama.Hawaasa sanyii fi aadaa heddu qabuuf waliigaltee uumuun fi kabajaa kennuun mala baruu fi barsiisuu haala kana irraatti hundaaye qabaachuun murteessaa dha.Barnoonni aadeffannaa adda adddaa giddugaleeffates dudhaalee hawaasaa kabajuu fi wal-simsiisuun daree barnootaa keessatti mirkaneeffachuu dha.

Aadaa nageenya qabuuf wal-ta’iinsi hawaasaa bu’urra walitti dhufeenya garii qabuu jiraachuun murteessaa dha.Waabii kanaaf ka’umsi namoota haala adda addaa keessa jiran hubachuu,aadaa garagaraatiif kabajaa kennuu fi dandeetii dudhaalee hawaasaa ija addunyaatiin ilaaluu qabachuu qabna.

Adeemsa dheera hawaasa walifudhachiisuu kana keessatti barnoonni aadaa saba baay’ee giddugala taa’sifatee kun bu’aa hammana hin jedhamne qaba.Haa’tauu malee barnoota kana bu’aa qabeessa taasisuuf dandeettii afaanii,sanyii,hambaalee fi safuu namoota daangaa tokkoo qafa keessa jiraataniin daangeffamuu hin qabnu.Kanaaf barnoonni aadaa saba baay’ee ilaalcha addunyaawaa qabachu fi ilaalcha daangaan hin daangeffamne qabaachuu qaba.Kaayyoon barnoota aadaa saba baay’ee kun akka addunyaatti baay’ina uummata giddugala taasifachuu fi wal-fudhannaa hawaasaa dinqisiifachuun kabaja kan kennu ta’uu qaba.

Barnoonni addunyaawaa (international education) fi barnoonni aadaa saba baay’ee kan wal-deeggaranii dha.Barnoonni addunyaawaa dandeettii waa’ee garaagarummaa aadaa akka addunyaatti hubannoo kennuu irratti kan xiyyeeffatu yommuu ta’uu ,barnoonni aadaa saba baay’ee immoo walittidhufeenya uummataa kan aadaa adda addaa adeemisisanii,hambaalee sanyii fi afaanii qabanii,kun immoo karaa nageenyaa fi wal-fayyaduu danda’an irratti hundaayuun kan itti mirkaneeffatanii dha.

Manni barumsaa fi dareen barnootaa aadaa  fi hambaaleen hawaasaa (ethos) wal-ta’iinsaan kan keessatti dagaagan, qabatamaan walkabajuu fi wal-hubachuu ofkeessatti kan hammatan,nageenya currisaa fi dandeettii kan qaban,akkasumas daa’imman mirgaa fi fudhatamummaa isaanii kan keessatti mirkaneeffatanii dha.Ta’uu baannaan seer-daandii fi dudhini mirga ilma namaa jechaan haasa’uu bira hin dabarree fi gochaan kan hin mu’anne ta’a.Dabalataanis barbaaachisummaan sirna barnootaa fi qabiyyeen isaa haala addunyaawaa fi kallattii aadeffannaan adda addaa giddugala taasifate yoo ta’e dhimma hawaasaa,ittifayyadama teeknoolojii fi gama hundaanuu daa’immaan wal-qixxummaan kan irraa fayyadaman ta’a.Kanaafuu da’imman bay’ina (pluralism) akka qabeenyaatti fudhachuu fi garaagarummaa irratti sirnaan akka yaadan qopheessuu qabna.

Akka beektonni barnoota aadaa saba baay’ee waliigalanitti barnoonni kun agarsiisa qajeelfama barnootaa,bulchiinsa barnootaa,gorsaa fi bulchiinsa gaarii,barnoota saganteessuu,qabxii galmeessisuu fi mana barnootaa tasgabbeessuu  dabalatee sadarkaa barnootaa hundatti murtii kennuuf bakka guddaa qabuu dha.Kanaafuu hundii keenyaa barnoota kana hojii irra oolchuu keessatti ga’ee guddaa taphachuutuu nurraa eegama.Garaagarummaaf beekamtii kennuu jechuun garaagarummaa kabajuu,sadarkaa hunda keessatti hammachuu,baay’ina aadaa dinqisiifachuu fi barbaachisummaa adda addummaattin boonuu jechuu dha.Barnoonni aadeffaannaa adada addaa kun  mana barnootaa fi hawaasa keessatti afaan,eenyummaan, dudhin hawaasaa fi barmaatileen  gochaa gariin mul’achuu qabu.

Barnoota aadeffannaa guutumaan guututti hojii irra oolchuun adeemsa barnootaa keessatti jijjiirama bu’uraa fiduun itti fayyadama,qindoominaa fi galma barnootaa mirkaneeffachuu dha.Jijjiramni kun immoo yeroo kan fudhatu,adeemsa barbaachisaa fi bu’aa qabeessaa dha.

Shaakala 4.2

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adha.

1.Bariisaan daree keessatti adda addummaa (diversity) akkamitti tasgabbeessuu qaba jetteeti yaadda? 2. Adda addummaan (diversity) qaabxii barattootaa irratti dhiibbaan geessisa jettee yaaddaa?

Kutaa 4.2 Hooggansa daree barnootaa wal-makoo  (How to manage a diversified class room)

Kanneen armaan gaditi dheeraman qabxiilee ijoo garee adda addummaa qabu to’achuuf ilaalcha keessa galuu qabanii dha. Adeemsa baruu fi barsiisuu to’achuuf akkaataa itti of-qopheesssuu qaban irraatti barsiisota gargaaru. Kanaafuu barsiisonni qabxiilee armaan gadii irratti xiyyeeffachuu qabu.

Aadaa adda addaa irratti hubannoo cimsachuu       

Gara barnoota itti aanuutti osoo hin darbin dura daree keessatti waa’ee adda addummaa waan sitti dhagayamu ibsi.

Wanti sitti dhagayamu barsiisuu kee irratti bu’aa moo miidhaa qaba jettee yaadda?Yaada miidhaa qabu sitti dhagayamu kana balleessuuf maal gochuu qabda?Daree adda addummaa qabu sirritti to’achuuf qabxiin inni duraa amala fi kaka’ubsa mataa keetii beekuun murteessaa dha.Galma ga’iinsa barattootaa mirkaneefachuuf barsiisonni sadarkaa hundattuu dursanii haala wal-kabajuu fi wal-danda’uu aadaalee irratti hubannoo mataa ofii qabaachuu qabu.

Daree barnootaa keessatti garaagarummaa aadaa kabajuu

Barattoonni keenya guutumaan guututti guyyaa tokko keessatti jijjirama bu’uraa fiduu qaban jennee yaaduu hin qabnu.Aadaa barattootaaf bakka kennuun qabxii barattootaa irratti bu’aa qabeesssummaa isaatiif barsiisaan beekamtii kennuu qaba.Barattoota aadaa isaanii beksifatan jajjabeessuun haala sirni barnootaa bu’aa qabeessa itti ta’uu danda’u irratti hojjechuun barbaachisaa dha.Kuni yoo ta’e hawaasa keessatti garaagarummaan barataa humna ta’a.

Daree keessatti garaagarummaan jiraachuu beekuu

Daree keessatti waaa’ee aadaalee barattoota hunda barachuuf yeroo fudhachuun ilaaluu barbaachisa.Yaadadhu:Amalli barsiisaan barataa irraa eegu hunda mana keessatti kan baratamee miti.Fakkeenyaaf aadaa tokko tokko keessatti ija laafuun ni mul’ata.Kara biraatiin immoo gaa’ila dura saala faallaa gudduutti waltutuqiinis qaamaa kan akka harka wal-fuudhuu kun immoo baay’ee kan nama salfachisan ta’aniiti argamu.Amalonni akka wal-gowwomsuu  barattota gidduutti taasfaman kun barattota gidduutti aadaan wal-gargaarsaa jiraachuu dhabuu irraa kan calaqisanii dha. Amalli aadaan qajeelfama;kanaafuu duraan dursinee barattoota keenya barsiisuu ykn qajeelchuu qabna.

 Fedhii barattootaa dursii hubachuu

Kabajaa fi walabummaan barattota hunda tajaajili.Haala bal’ina aadaa giddugala taasifateen daree barnootaa,hojii kennitu,mala iyyaafannaa kee,wanta barattoota irraa eegduu fi mala baruu fi barsiisuu kee madaalaa deemi.Barattoota hunda haala wal-qixa ta’een tajaajiluuf maal gochuun qaba?Malli baruu fi barsiisuu garagaraa daree keessatti nabarbaachisu maal?Sagantaa gochaalee gurguddoo fi abbaltii kennuu kee dura haala ayyaaneffannaa ayaana barattotaa giddugala taasifateetiif dursa kenni.

Maatii aadaa adda addaa qabu waliin yaada wal-jijjiiruu amaleeffadhu

Aadaa irratti yaada wal-jijjiiruun waan barbaaddu irratti dorgomaa ta’ii argami.Barsiisaa fi maatiin aadaa irratti yaada sadarkaa isaa eeggate wal-jijjiruu qabu.Haala dhufeenya aadaa irrattti yaada wal-jijjiiruun barsiisaa fi maatii fudhatamaa fi seera qabeessa ta’uu qaba.Karaa ittifufiinsaan qabuun waa’ee barataa,adeemsa fi seera mana barumsaa irratti barsiisaan maatii waliin yaada wal-jijjiiraa deemuu qaba.Hawwii fi ilaalch barataa irrati matii irraa gaafatamee duub-deebiin argamuu qaba.Hawwii maatiin barataa irraa qabau irratti carraa fedhiin yaada kennuu uumuu qabna.

Akka barsiisaatti aadaa akka wal-irraa baratan haala mijaawaa fi naannoo mijataa uummun barbaachisaa dha.Aadaan tokko tokkoo isaanii kan ittiin boonan malee kan itti qaana’an ta’uu hin qabu.Wanta yaaddoo keessa isaan galchuu kamiyyuu irraanfachuu akka qaban itti himuun barbaachisaa dha.Dogongorri adeemsa barachuuti malee qaanii fi kufaatii akka hin taane barattooni beekuu qabu.

Shaakala  4.3

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adha.

1.Haala hooggansa daree barnootaa wal-makoo gabaabsi calaqqeen dhiyeessi.

4.3 Wal-gitiinsa saaynsii barnootaa fi ilaalcha sodaa ykn jibbiinsaa hir’isuu (Equity pedagogy and prejudice reduction)

Saayisiin barnootaa wal-gitiinsa qabu aadaa garagaraa giddugala taasifatanii barsiisuu fi yaada garagaraa wal-jijjiiruu danda’uun wal-gitiinnisa mala baruu fi barsiisuu dhugoomsuu dha.Kanaafuu haala barataa adda addaa giddugala taasifateen barsiisuun barsiisaa irraa eegama.Fakkeenyaaf malli barsiisuu boodatti hafan kan barataa giiddugala hin taasifannee fi od-ibsaa qofa ta’e hafuu qaba.Sababiin isaa aadaa miidhagaa waliin hojjechuu barattotaa kan laaffisu malee kan jajjabeessuu miti.

Kutaa kana keessatti kallattii ijoo barnoota aadaa saba baay’ee fi haala sodaa fi jibbiinsa xiqqeessuu irratti xiyyeeffanna.Daa’imman akka jibba dhabamsiisan barsiisuu keenyaan dura nuti loogumaa irraa bilisa ta’uu fisodaa ykn jibbiinsa hir’isuu irratti ofii qulqulloofnee namoota naannoo keenya jiranis qulqulleessuu qabna.Kunis waa’ee sanyiin yaaduu fi wal-qooduu irratti iftoominaa fi bal’inaaan mari’achuun barbaachisaa dha.Sababiin isaas ammallee waa’ee sanyii fi eenyummaa takko tokko irratti ilaachi badaaf jibbi waan mul’atuuf kan balleessuuf dhaabbilee barnootaa,iddoo hojii fi naannoo mana keenya irratti hojii ilaalcha kana sirreessu hojjechuun barbaachisaa dha.

4.3.1 Hiikkaa fi yaadoota ka’umsaa saaynsii barnootaa wal-gitiinsa qabu (Equity pedagogy:Meaning and assumptions)

Hiikkaa waliin ga’iinsa mala baruu fi barsiisuu haala daree barnootaa wal-makoo qabu giddugala taasifate fakkeenyaaf sanyii,eenyummaa fi garee aadaa adda addaa hawaasa dimokraatawa ta’e keessatti dandeettii ittifufiinsa qabu  gonfachiisuu fi ga’umsa akka horatan gochuu irratti mala baruu fi barsiisuu galma ga’iinsa barattota hunda hammachuu danda’uu dha.Hiikni kun kan hubachiisu barattoota akka dubbisan fi barreessan taasisuu keenya irratti dabalataan haala walitti dhufeenyi hbaruu awaasa isaanii itti cimuu danda’uu irratti bal’inaaan akka hojjechuu qabnu nuhubachiisa.Barattoonni keenya lammii gaarii akka ta’ani fi iftoomina akka qabaatan gargaruun mala waliin ga’iinsa baruu fi barsiisuu hojii irra oolchuun dhimma murteessaa dha.Mala baruu fi barsiisuu waliinga’iinsa qabu kana hojii irra oolchuunbarattoota dandeettii gonfachiisuu qofa asoo hin taane hawaasa dimokraatawa ta’e ijaaruu fi jijjiiruu keessattis bakka guddaa qaba.

Qabxiilee marii

  • Namni hundi walqixaa?
  • Namni hundi wal-fakkaataa?
  • Namni hundi haala qixa ta’een tajaajilamaa jira?
  • Inni qaama miidhamaa ta’ee fi hin taane qixa tajaajilamaa jiruu?
  • Inni qaroo dhabeeyyii fi qaroo qabeeyyiin qixa tajaajilamaa jiru?

Beektonni tokko tokko bakka mala baruu fi barsiisuu waliingahiinsa qabuu kana jecha barnoota addaa addummaa guddugaleeffachuu  ykn barsiisuu aadaa giddugala taasifate ykn barsiisuu aadaaf ittigaafatamummaa qabu jechun akka bakka buusan ni ibsama.Adeemsi kun hundinuu kan agarsiisan barattoota keenya beeknee itti dhiyeenyaan hubannee barsiisuu akka qabnuu dha.Akka beektonni aadaa saba baay’ee jedhanitti ” sibarsiisuu kiyyaan dura sibeekuun qaba jedhu”.Yeroo baay’ee namoonni kan amanan malli baruu fi barsiisuu waliinga’iinsa giddugala taasifate akka sadarkaa barsiisuu gad-buusuutti ilaalu.Gaaffiin isaanis ;-Barattootaaf barnoota garagaraa yoo kennine akka walitti dhufeenya biraa qabnuutti ilaalama laata?Barattoota keenyaaf barnoota haala wal-qixa ta’een kennuu hin dandeenyuu?Walitti dhufeenyi wal-qixxummaa fi waliin gahiinsa gidduu jiru maali?Barattonni kiyya qabxii ol-aanaa akka galmeessisan nana fedha,kun immo dhufuu kan danda’uu haala adda addaatiin ta’uu qaba.

Kutaa kana keessatti mata-dureewwan hedduu irratti gochoota bay’ee raawwanna.Kutaa  kana ilaalchisuun abbaltiiwwan siif kennaman sirritti dubbisuu fi xiinxaluun hiriyoota kee waliin yaada kaaftee mari’achuuf of-qopheessi.

Mala baruu fi barsiisuu waliingahiinsa qabu jechuun adeemsa barsiisuu daree keessatti barattota sanyii,eenyummaa,garee aadaa saba baay’ee qaban gargaaruun dandeetii fi gahumsa hawaasa keessatti dimokraatawa ta’uun kallatii hundaan humna horachiisuu ti.

saayinsii barnootaa wal-gitiinsa qabu kana keessaa inni tokko mala garee barattootaa wal-gargaruu fi walideeggaruu irratti hundaaye ijaaruuti malee mala dorgommii dhuunfaa miti.Addemsa addunyaan ittiin guddatte irratis kanumatuu hubatama.

Malli baruu fi barsiisuu waliingahiinsa giddugala taasifate kun daree keessatti qixa waliin gahiinsa fiduuf barsiisaaf baay’ee murteessaa dha.Barattootaafis hawaasaa birattti jijjirama fiduu fi wal-qixxummaan akkamirkanaawu taasisuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Saayinsii barnootaa wal-gitiinsa qabu maali?Maaliif barsiisotaa fi gargaartota akka fakkeenyaa (moodeelitti) fudhata ?

Saayinsii barnootaa wal-gitiinsa qabu ilaaluu keenya dura qorannoo fi qo’annoon maal akka agarsiisan yaa ilaallu.Hawwiin barsiisaan barattootaat qabu barsiisumaa irratti dhiibbaa akka qabu qotannoowwan hedduun ni mul’isu.Muxannoo barsiisummaa daree keessatti baay’ee murteessaa akka ta’e qorannoon Robert Rosenthal and Lenore Lacobson  (1886)  bal’inaan ni ibsa.Akkuma qorannoon agarsiisanitti sababiin isaa  (a) barattoonni sirritti kan hojjetan yoo hojiin qoodamee kennameefii dha.(b) Barattonni amala addaa qaban daree keeessatti hubannoo argachuu qabu.Yoo kun ta’e wanti barsiisaan eegu hundi galma gahuu danda’a.

Qorannoo armaan olitti dheeraman irratti mormiin ka’ee jira.Fakkeenyaaf Thomas Good and Jere Brophy (1987)qorannoon akka ibsanitti barsiisonni maraasni fedhii barataa giddugala taasifachuun kunis haala sanyii,hawaasa keessaa dhufan fi saalaan kan hojjetan akka jiran mul’isanii jiru.Bu’aan qorannoo isaanis akka armaan gadiitti ibsama:-

Sababaa sanyii, hawaasa keessaa dhufan fi saalaan barsiisaan adda basuun akka waan dhimmonni kun qabxii gaarii galmeessisuu fi galmeessisuu dhabuu irratti wal-qabatan jedhee ilaala yoo ta’e bu’aan argamu akka armaan gadiitti ibsama.

 Barsiisaan barattoonni  akka qabxii gad-aanaa galmeessisanitti dursee yoo hubate:-

  • Irra caalaa miidhamu (criticized more)
  • Jajjabina hin argatan (praised less)
  • Gaafii gaafataniif duub-deebii gahaa hin taane argatu (received briefer and less informative feedback for their question)
  • Xiyyeeffannaa xinnaa argatu (given less wait time)
  • Deebiin irra deddeebiin kennamaaf (given answer more frequently)
  • Gaafilee ciccimoo akka deebisan hin filataman (not selected to answer higher level questions)
  • Gaafilee sasalphoo qofa akka deebisan carraan kennamaaf (given lower level questions to answer)
  • Hojii taa’anii hojjetantu kennamaaf (given more seat work)
  • Gochaalee sasalphaa qofa akka hojjetan taasifamu (assigned more lower-level academic tasks to do)
  • dafanii hin hubataman (given less attention)
  • Barsiisaa irraa fagaataniiti taa’u (seated furthest away from the teacher)

Mala baruu fi barsiisuu waliingahinsa qabu qopheessuun barsiisaan ilaalch sanyii,sadarkaa qabeenyaa fi saala irratti qabu kana humna dhabamsiisuun barattoota hunda haala wal-qixa ta’een tajaajiluu ni danda’a.

Kanaafuu malli baruu fi barsiisuu waliingahiinsa qabu itti yaadamee qophaa’uun haala ilaalch barataaf qabnu irratti barsiisaan hojii murteessaa taasifachuu qaba.

Shaakala 4.4

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adhaa.

1.Dursanii ilaalcha sodaa ykn jibbiinsa uumuun maali? 2.Bu’uurri ykn ka’umsi ilaalcha sodaa ykn jibbiinsa uumuu maali? 3.Ilaalcha sodaa ykn jibbinsa uumuu irraa tokkoo tokkoon keenya bilisa ta’uu dandeenyaa?

4.3.2 Ilaalcha Sodaa ykn jibbiinsa hir’isuu (Prejudice Reduction)

Haala mijaawaa waa’ee akkanaa kana keessatti mari’annu uumuuf maal barbaachisa? Mata duree kana irratti tokkoo tokkoon keenya muuxannoo fi ilaalcha qabnu walii kabajuu qabna.Hundi keenya waliif dhimmamnee wal-dhaggeeffachuu qabna.Dhimma kana irratti baay’ee of-eeggachuu qabna;sababiin isaas qaaman osoo wal-arganii hin haasofne namoonni imeelii adda addaa fayyadamuun namoota dogongora keessa galchuu danda’u.Yaada akkanaa kana balleessuuf iftoominaan wanta iftoomina gaafatu irratti gaafii seera qabeessa ta’e gaafachuu dha.Waa’ee dursanii jibba uumuu irratti osoo marii hin calqabin dura jechoota bu’uraa irratti waliigaluu qabna.Yeroo fudhuutii waa’ee jibbaa uumuu (prejudice),gad-aantummaa (Stereotype),dhiibbaa geessisu (discrimination) fi tokko fayyadanii tokko miidhuu (privilege) irratti beekumsi ati qabddu tarreessi.

JIbbaa hir’isuuf fedhii fi galma dhaabbilee qofa osoo hin taanee irra calaa fedhii fi galma tokkoo tokkoo keenyaa ta’uu qaba.Qabxiileen armaan gaditti tarreeffaman dhuunfaanis ta’ee waliin taanee tokko tokkoon keenya jibba hir’isuuf wanta gochuu qabnuu dha.

1.Odeeffannoo waa’ee ilaalcha sodaa ykn jibbiinsaa (prejudicial information) namoota biraa irraa argattu fudhu/dhaggeeffadhu                                 

Yaada namoota dhaggeeffattu malee jijjiirama fiduu hin dandeesssu.Jibba hir’suu fi waa’ee jibbaa irratti jijjiirama fiduuf, yaada dogongoraa sirreessuu kan dandeessu yoo namoota waliin iftoominaa fi gad-fageenyaan dhimma kana irratti mari’achuu dandesse qafaa dha.Ifatti akka taa’etti yoo waa’ee kanaa ifaan mari’anne malee jijjiirama fiduu hin dandeenyu.

2.Waa’ee ilaalcha gad-aantummaa (stereotypes) irratti gaabbii fi gar-nyaattee tokko malee fuulleetti mari’achuu qabna

Wantoota gaabbii nutti uuman kan namoota irraa dhageenyu qabatamaa miti.waa’ee akkanaa kana dhagawuu dhiisuu hambisuun hin danda’amu.Kan ta’uu qabu wanta dhageesse sana sirritti addaan baafachuu danda’uu dha.Addaan baafachaa deemuun jijjiirama fiduuf murteessaa dha.Jijjiirama fiduuf kan jiruu fi kan darbe wal-bira qabanii ilaalun tokko midhanii tokko fayyaduu irraa  of-eeguu barbaachisa.

3.Jijjiirama barbaadamu fiduuf garee wal-gargaaruu fi walitti dhufeenya cimaa qabu umuu barbaachsa

Yaada akka dhuunfaatti qabnu yeroo faayidaa namoota hundaa giddugala taasifannee ilaaluu qabna.Hawaasa kenyaa fi ilaalcha keenya jijjiiruuf yaadni namoota nuuf bu’ura jennee ilaaluu qabna.Namoonni kan yaadaan nudeeggaran yaada gaarii,amala gaarii fi ilaalcha gaarii akka qabaannuf jennee amanuutuu nurraa eegama.

4.Adeemsa jijjiiramaa keessa darbuu fi jijjiirama fiduuf kutannooqabaachuu  qabna                                                                                              

Nama biraatiif waadaa galuu irraa mataa ofiitii waadaa ofiif galuutuu caala.Waadan nuti ofiif gallus adeemsa jijjiiramaa fiduuf hojjechuu ta’uu qaba.Jijjiirama fiduuf waadaa galuu jechuun amala fakkeessuu osoo hin taane bu’uruma iraa jijjiirama fiduuf adeemsa keessa galuu dha.Jijjiirama gama hundaan fiduuf yeroo hunda namoota waliin mari’achuu aadaa keenya taasifachuun barbaachisaa dha.Waadaan waliin gallu kanhumna nageenya qabu ta’a.Karaa kanaan adeemsi fi seerri jijjiiramaa namoota hunda biratti wal-qixa ta’a.

Adeemsa kanaan jibba hir’suuf wal-gargaaruu fi waliin fayyadamaa ta’uu dabalatee waadaan nuti waliin qabnu hanga dhumaatti kan nuwaliin turu ta’a.

5.Waa’ee namoota biroo yeroo dubbattu of-eeggannoo godhi

Yaada gad-aantummaa  nutti dhagayamuu yoo jiraate of-keessaa baasnu malee of-dandeenye dhaabbachuu hin dandeenyu.Wantoota adda addaa dhageenyu kan bu’ura qabanis ta’ee hin qabnee dura gad-fageenyaan xinxaaluun murteessaa dha.Yaadotaa fi eergaalee nugahan hunda sirritti xinxaaluu fi bu’aa qabeessummaa isaanii sirritti hubachuun barbaachisaa dha.

6.Dubbii kee keessatti ilaalcha sodaa ykn jibbiinsa uumuu danda’an irratti qabsaa’i

Yaadota jibbaan ka’an hunda kufisuuf odeeffannoo gahaa argachuu fi qabaachuu qabna.yeroo baay’ee akkaataan namoonni waa’ee namoota itti yaadan baay’ee dhugaa irraa kan fagaatee dha.Yaada tokko dhugoomsuu keeenya dura sirritti itti siqinee wanta sana xinxaaluun barbaachisaa dha.Yaadota siis ta’ee namoota biroo gatidhabsiisuu danda’an jettee yaadduu irratti xiyyeeffattee ilaaluu qabda.

7.Namoota dursanii jibba yaadan fi gad-aantummaan itti dhagayama jettee yaaddutti baay’ee dhiyaachuun gorsuu fi gargaaruu

Yaadni dogongoraa kan jiraatu yeroo mara yoo namoota yaada dogongoraa qabanitti dhiyaannee wal-hubachuu baannee dha.Kanaafuu yeroo mara namoota yaadni gad-aantummaa itti dhagayamu kanatti siqixxee karaa gaaritti qajeelchuu qabda.

8.Eenyummaa garee keetii namoonni biroo akka itti hubatan beeki

Akkaataa namoonni biroo itti si hubatan dursitee beekuu qabda.Kun walitti dhufeenya cimaa waan nugaafatuuf yeroo fudhachuu danda’a.Akkuma atii namoota biroo itti ilaaltutti namoonni si ilaaluu waan danda’aniif obsaan dhaggeeffachuu qabda.Kuni namoota muuxannoo yaada namaa hubachuu hin qabneellee akka adda baafattu sitaasisa.

9.Ilaalchi ofii keenyaaf qabnu garii yoo ta’ee namoota birootifis ilaalcaha gaarii qabaanna

Haalli nageenya sirritti nutti dhagayamuu qaba.Akkuma nuti nageenya barbaannu namoonni birootis nageenya barbaadu jennee yaaduu qabna.Namni kana hin barbaanne yoo jiraate nama ofiin wal-lolee dha.

10.Wanta qabatamaa irra dhaabbannee yaada hin ta’u jedhu qabaachuu qabna

Yaada tokko tokko irratti ijjennoo qabachuun barbaachisaa dha.Ijjennoo dhabanii yaada namaa fudhachuun barbaachisaa miti.Wanta tokkoof deebii gahaa fi ariifataa ta’e kennuuf wanti irradhaabbannee murteessinu jiraachuu qaba.Kun yeroo baay’ee kan gaafatu ofitti amantummaa fi sansaaka qabachuu dha.Ka’umsi isaa dursanii sodaa balleessuuf murteessaa dha.

11.Dandeettii haala mijaawaa namoota biroof uumuun fudhatamummaa keenya ni dabala

Dandeettii haala mijataa uumaa deemuun kun kan nama barsiisuu fi wal-danda’uu agarsiisa.

12.Dandeettii namoota dhaggeeffachuu dabaluu qabna

Namoota biroo dhaggeefachuu dandeettii horachuun fi yaada namootaa dinqisiifachuus qabna.

13.Addunyaan wal-xaxaa ta’uu ishee dinqisiifachuu qabna

Yaadni barbaachisaan ta’uu qabu ……………..Yaada addunyaan keessa jiraannu wal-xaxaa ta’uu ishee irratti qabnu dinqisiifachuu qabna.Dugaa jiru amananii fudhachuun akka namoota birootiif yaadutti fudhatama.Addunyaa kana keessatti wantin anii hin beekne kan namoonni biroo beekan ni jiru jedhanii amanuun addunyaa wal-xaxaa keessa  jiraachuu agarsiisa.

14.Dandeetti namoota birootiif yaadu keenya guddisuu qabna  

Kun jireenya keenyaaf hiika kennuu fi walitti dhufeenya keenya jabeessu dha malee namoota sana qofa fayyaduu miti.Namootaaf yommuu yaaddu hundumaaf ta’uu qaba malee adda baafnee ta’uu hin qabu.Wayta kana hojii irra oolchinee addunyaan wal-xaxaa fi bal’oo taate sun baay’ee xinnoo fi kan hunda keenya dandeessu taati.

15.Hubannoo keenya cimsachuuf waa’ee namoota biroo gad-fageenyaan ilaaluu

Waa’ee namoota dursine jibba uumuun dura gadqabnee ilaalii barbaachisa.Waa’ee namoota kana kitaabota dubbisuu fi itti siqnee sirritti keessa isaanii hubachuun barbaachisaa dha.

16.Dandeettii of-beekuu yoo qabaannee namoota birootifis kabaja kennina

Sirritti of hubachuu fi gatii ofiif kennuun murteessaa dha.Namni eenyummaa ofii beekee kabaja ofiif kennu namoota birii farrajjuu (blame) gochuuf hin ariifatu.Eenymmaa keenyaa fi amala keenyaaf hanqina keenya beeknee ofsirreessuun barbaachisaa dha.

Shaakala  4.5

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adhaa.

1. Ilaalcha sodaa ykn  jibbiinsa  hir’isuun barattoota akkamitti fayyada jetteeti yaadda?

Kutaa 4.4 Barattoota maatii harka qalleeyyii fi badiyyaa barachuu isaanii jajjabeessuu keessatti gahee barsiisaa (teachers role in promoting learning from minority, rular and poor families)

 Kutaa batnoota kanaa herga baratteen booda:-

  • Gocha fedhii barattoota adda addaa giddugala taasifate irraatti hojjechuu
  • Daree barattoota fedhii ykn aadaa saba baay’ee qaban hoogganuu irratti gahee barsiisaa adda  baafachuu
  • Dareee barattoota fedhii adda addaa qabanii giddugala kan taasifate mala baruu fi barsiisuu ni filatta

Darree keessatti barattonni adda addaa akka waliin adeeman taasisuuf gahee barsiisaa

Barsiisaan ga’umsa qabu garaagarummaa barattoota gidduu juru hubatee  haala mijaawa kan uumuu ta’uu qaba.Kanaaf dhaadannoo tokkummaa garaagarummaa keessatti jedhu kan  hubate ta’uu qaba.Akkuma boqonnaa tokko keessatti ibsame barsiisonni biyya keenya biyyi teenya aadaa saba baay’eetiin kan badhate ta’uu ishee hubachuu qabu.Kanaafuu barumsa ka’umsa  seer-daandii (principle) aadaa saba baay’ee  giddugala taasifate kana kennuuf dandeettii cimaa gonfachuutuu irraa eegama.

Barsiisaan kana ginfates gahee armaan gaditti dheeraman taphachuu qaba:-

  • Sammuu isaa keessatti barnoota aadaa saba baay’ee giddugala taasifate kennuu irratti xiyyeefatee karoorfachuu qaba.
  • Daree barattoota hundaaf mijataa fi giddugala ta’eef haala mijeessuu qaba.
  • Akkuma aadaa isaatiif dhimmamu kan namoota birootifis dhimmamuu qaba.
  • Mala baruu fi barsiisuu si’aayina qabu fayyadamuu qaba.
  • Daree barattoota adda addaa of-keessaa qabu keessatti akkamitti hojii isaa  akka raawwachuu qabu irratti mala gahaa qabaachuu qaba.
  • Shaakalaa fi fakkeenya yommuu kennu aadaa saba baay’ee giddugala taasifachuu qaba.
  • loogii saalaa irraa bilisa ta’uu qaba
  • Daree keessatti haala barattoonni wal-qunnamittii garuii qabaachuu danda’an irratti seera bu’uraa qabaachuu qaba
  • Mala baruu fi barsiisuu adda addaa irratti xiyyeeffachuu qaba.
  • Barattonnii aadaa garagaraa keessaa dhufan hundi bu’ura gosa barnoota barsiisuu qabaachuu isaanii hubachuu qaba.
  • Mala adda addaa fayyadamuun barattoota isaa sisi’eessuu (onnachiisuu) qaba.
  • Duub-deebii ifaa ta’e kennuu qaba.
  • Barattoota hunda ija tokkoon ilaaluu qaba.
  • Akka haala mijeessaatti hojjechuu qaba.

Daree coolleejjii sanyiin adda addaa keessatti baratan keessaa barsiisuu

Yeroo baay’ee koolleejjii barattonni sanyii adda addaa qaban keessatti baratani keessa  yommuu barsiifnu amala isaanii fi wanta itti dhagayamuu danda’u hubannoo keessa  galchuun barbaachisaa dha.Mala baruu fi barsiisuu barattoota hunda hammachuu danada’u irratti xiyyeeffachuun sirni barnootaa keenya ilaacha barattoota hundaa giddugala taasifatee fudhatamaa fi jaalala kan qabu ta’uu qaba.Bu’aa ce’ii kana hunda keessa darbuun barnoota keenya galmaan gahuu jechuun akka humna qabnu duguugnee itti fayyadamuutti fudhatama.

Yommuu yaada aadaa saba baay’ee giddugala taasifachun barsiisuu qabu jennu qabxiilee armaan gaditti dheeraman irraa ka’uun ni barbaachisa.

1.Yennaa karoorfannu sirni barnootaa keenya kan aadaa saba baay’ee giddugala taasifate ta’ee abbaltiiwwan,fakkeenyi kenninu fi seenaan haasofnu hundi kana giddugala taasifachuu qaba.

2.Qabeenyaa fi nageenya amansiisaa barattoota hunda biraan ga’uu qabna.

3.Dhimmota sanyiin wal-qabatan kan dafanii namoota ho’isuu danada’an akkaataa to’achuun itti danada’amuu irratti mala baasuu qabna.

4.Bilisa taatee qabxii irratti waliigalamee fi hin galamnee madaaluu qabda.

Yaada yommuu kennitu:-

1.Of-too’adhu:-eenyummaa,sanyii,fi aadaa kee giddugala taasifattee daftee dhibbaa hin geessssini.

2.Namoota eenyummaa, sanyii fi aadaa isaanii giddugala taasifattee hin madaalin.Barattoota hunda ija tokkoon ilaaluuf yaali.

Daree sanyiin adda addaa keessatti argamu barsiisuuf wantoota bu’ura:-    

Fedhii barattota hundaa bira ga’uuf barsiisaan mala baruu fi barsiiisuu bal’aa qabachuu qaba.Kanaaf qabxiileen armaan gaditti dheeraman kana gochuuf ni gargaaru.

Waytii qophii barnoota barsiisaan wanta taasisuu qabu:-

1.Mata duree barsiisu irratti ilaalcha dagaage qabaachuu qaba.

  • Hamma danda’ametti yennaa barnoota dabaruu fakkeenyota,meshaale barnootaa fi meeshalee deeggarsa barnootaa aadaa saba baay’ee giddugala taasifatan hammachuu qaba.
  • Adeemsi baruu fi barsiisuu  fi bu’aan barnoota irraa eegamuu sirna barnootaa irratti ifaan kan taa’e tauu qaba.
  • Hojiileen kennaman hundii projektoonni,mariin,yaaliin fi kkf miseensummaanis ta’ee itti gaafatammummaan barattoota hunda kan hammatu ta’uu qaba.
  • Ilaalcha sanyii fi aadaa adda addaa kan calaqisiisan irratti abrattoonni akka yaada dhiyeessan jajjabeesuu qaba.
  • Qo’annoowwan ogeeyyii adda addaa mata-duree barsiisuu waliin wal-qabsiisuu qaba.

2.Meshalee fi mala baruu fi barsiisuu barattoota garee adda addaa hammatu dagaagfachuu

  • Akkataa barattoonni daree keessatti walitti dhufeenya qabaachuu qaban irratti seera bu’uraa fi dudhaalee (norm) dagaagfachuu qaba.
  • Mala baruu fi barsiisuu iftoominaa fi haala faanaa deemu qindeeffachuu qaba.
  • Bartonni hundi sirna barnootichaa irraa fayyadamoo ta’uu hubachuu
  • Meshaalee barnotaa irratti barattoonni hundii ka’umsa qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu
  • Gosa baratan irratti qabxiilee ijoo ta’an adda basuun irraatti xiyyeffachuu

Dareen barnootaa barattoota hundaaf hirmaachisaa ta’uu akkaataa barsiisaan itti mirkaneeffatu

1.Ka’umsa irraa ka’uun tokko tokkoo barataa beekuuf yaaluu

  • Barattoota hunda beekuuf carraa uummadhu.Sagalee fi maqaan adda baafachuu yaali
  • Barattoota hunda waliin walitti dhufeenya gaarii qabadhu, dareen alattis to’achuu yaali
  • Barattoonni akka biirottis akka sidubbisuu danada’an jajjabeessi
  • Haala waliigaltee fi nageenya qabuun barattoota kee waliin mari’adhu

2.Karaa hiika qabeessaa fi kabaja qabuun barattoonni akka walitti dhufeenya uuman carraa banuu

  • Barattoota garee xixinnootti qooduun isaan keessa tokkoof ittigafatamummaa kenni
  • Garee qo’annoo akka qabaatan jajjabeessi
  • Hojii isaanii garee fi dareef akka dhiyeessuu danda’an carraa uumif

3.Sagaleen barattootaa akka dhagayamu taasisuu

  • Walitti dhufeenya barsiisaa fi barataa cimsuun iftoominaan wanta ittidhgayamu akka ibsatan taasisuu
  • Gosaa barnoota baratan irrati wanta itti dhagayamu akka ibsa jajjabeessuu
  • Qabiyyee barnootaa qabatamaa taasisuuf seenaa jireenyaa fi muuxannoo qaban waliin akka wal-simsiisan carraa uumuu
  • Wantoota karaa adda addaatiin ilaaluun garii ta’uu akka hubatan yaada isaanii  argachuuf yaali
  • Haala barattoonni sanyii bu’ura taasifachuun itti yaadan balleessuu

4.Adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti yaada wal-mormisiisaa burqisiisuun akka barattoonni waa uumuu fi bal’naan yaaduu dagagfatan taasisuu.

  • Dudhaalee daree babal’isuu
  • galma kaawachuun galama kana bira ga’uuf deeggarsa barbaachsaa gochuu
  • Kitaabas ta’ee meeshalaa barnootaa keeessatti qabxiin aadaa ykn gocha tokko tokko daangessan yoo jiraata iftoominaan yaada itti kennuu
  • Wanta haalli gaariin itti hin dhagayamne irratti qo’annoo akka gaggeessan jajjabeessuu
  • Yaad-hiddamoota qabatamaan akka wal-simsiisan carraa uumuu
  • Barattoota adda addaa giddugala taasifachuun qajeelfamootattii fayyadmuu
  • Duub-deebii fi qajeelfama ifa ta’ee kennuun kaka’umsa barattootaa jajjabeessi

Yaadota sanyiin wal-qabatanii fi rakkina uumuu danda’an irratti barsiisaan wanta raawwachuu qabu:-

1.Namoota yaada akkanaa qaban to’achuu mala adda addaa diriirsuun barbaachisaa dha.

  • Ofumarraa ka’uun wantoota dafanii sihoo’isanii fi sammuu sijeeqan adda baafadhu
  • Yaadota dafanii namoota ho’isuu danda’an kana kan ittiin to’atto mala baruu fi barsiisuu gaarii qabadhu
  • Jalqabuma daree tasgabaayaa ta’e hundeessi

2.Amaloonni hin barbaachifnee yommuu daree keessatti mul’atan haala ittiin dhaabuun danda’amu

  • Brattonni akka eenyummaa isaanii irra dhaabbatanii wal-qoccolan haalli akka hin uumamane gochuu qabda.
  • Ofii keetiif dhimmota rakkoo uumuu danda’an kana iraa bilisa ta’uu qabda.
  • Sadarkaa irra jiruttti dagalfachuun namni kamiiyyuu gocha badaa kana akka hin raawwanne eeguu qabda.

 3.Haala badaa kana keesatti barattonni akka hin hirmaanne gorsuu

  • Wanti badaan yoo uumame daree dhaabuun battalumatti barattonni yaada qaban calaqqee akka dhiyeessan taasisi
  • Bal’isii gara fula-duraatti yaadi.Wantoota barbaachisoo fi dhimmota murteessoo iratti barattoonni bal’isanii akka yaada jajjabeessi
  • Yaada tokko tokko barataa argachuuf yaali
  • Barattoonni tasa dhimma hin taane kaasuuy yaalan yoo siqunnaman daree keessatti boodatti hambisuun gorsi

4.Haalota hin taane kna tasa yoo uumaman gara barumsa bu’aa qabeessatti jijjiiruu

  • Haala marii mijeessuun dhommotni badii uuman kun miidhaa malee bu’aa akka hin qabne irratti waliigaluu
  • Barattoonni akka of-duuba deebi’anii yaadan taasisuun mariin yaada gaarii irra ga’uu
  • Bu’urumarraa itti dhagayamee keessaa isaanii  irraa yaada akka kennan taasisi
  • Hedduminni humna ta’uu keessa isaanii irraa akka hubatan taasisi

Walumaagalattti barsiisaa fi barataan waliigaltee cimaa horachuun wantoota barnootaa fi jireenya isaanii jeequu danda’an kan miidhaa malee bu’aa hin qabne kana irraa fagachuu fi hawaasa isaanii barsiisuu fi hoogganuutuu irraa eegama.

Barsiisuu keessatti barsiisaan sanyii fi aadaa isaa waliin wal-qabatee gaafilee armaan gadii of-gaafachuun of-madaalaa deemuu qaba.

1.Namoota sanyiin siwaliin gargar ta’an hubachuu irratti muuxannoo, amantaa fi  ilaachi ati qabdu hangam dhiibbaa sirraan geessisa? How do your own experiences, values, beliefs, and stereotypes influence your knowledge and understanding of groups that are racially different from your own?

  • Waa’ee barattoota aadaa ykn garee adda addaa keessaa dhufanii ka’umsa maalan qaba?
  • Barattoonni akkuma bifaan gargar ta’an  gargarsa garagaraa barbaaduu jedhee nanyaadaa?
  • Barattoonni yommuu deebii sirrii hin taane kennan eenyummaa isaanii irratti hundaayee nana qaana’aafii?
  • Barattoonni bifaan wal-qabsiisee hirmaannaan isaanii gad-bu’aadha jedhee nanyaadaa?
  • Warri gurraachi Ameerikaa yaada ibsachuu irratti warra adiidha gadi jedhee nanyaadaa?
  • Barattoota bifa isaanii giddugala taasifadhee akka wal-qixa hin taanetti  nanyaadaa?

2. Muxannoo,amantaa fi ilaalchi ati qabdu walitti dhufeenya ati namoota sanyiin siwaliin gargar ta’an waliin qabdu hangam agarsiisaa/murteessa? How do your own experiences, values, beliefs and stereotypes inform the way you interact with individuals whose racial background is different from your own?

  • Bifa barattootaa gargar ta’anitti gammadaan jira?
  • Barattoota duubni isaanii anaan gargar tanitti qaana’aan jira?
  • Barattonni bifaan ykn sanyiin anaan gargar ta’an yommuu daree keessatti amala hin taane agarsiisan nati hin toluu?
  • Barattoota hunda qixa hubachaan jira?Callisuu barattoota tokko tokkoo akkamittan ilaalaa jira?Kun aaduma isaaniti jedheen fudhaa?
  • Batattoonni sababa aadaa fi sanyii isanii dorgomaa hin taane jiru jedhee nana yaada?

3. Muuxannoo ,amantaa fi  ilaachi atiqabu gocha daree keessatti raawwattu irratti hangam dhiibbaa sirraan gawuu danda’a? How do your own experiences, values, beliefs, and stereotypes influence the way you behave in the classroom?

  • Barattoota bifaa fi sanyii isaanii giddugala taasifadheen dubbisaa jiraa?
  • Yeroo hunda yaadni nama hundaa tookko jedheen yaada?Namoonni yaada adda addaa akka ibsatan ani hangam ifa ta’ee jira?
  • Yaada namoota muraasaa nan ukkaamsaa?
  • Sagaleen warra adii kan gurraachaa caalaa humna qaba jedheen yaadaa?

4.5 Korniyaa idleessuun barsiisuu (Gender responsive teaching)

Shaakala  4.6

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adhaa.

1.Fakkii armaan olii irraa maal hubatta? 2.Waliin gahiinsa barnootaa dhiraa fi dubartootaa wal-qixa jettee yaaddaa? 3.Barsiisuu koorniyaa giddugala taasifate jechuun maal jechuu dha?

Wal-qixxummaa dhiiraa fi dubartootaa irratti hawaasni keenya hubannoon qabu gaarii hin turre.Haalli caasaa fi ijaarsi gama koorniyaatiin ture kan ol’aantummaa dhiiraa amanuu fi xiyyeeffannaan dubartootaaf kennamaa ture garii hin turre.Kanaafuu maalummaa koorniyaa barsiisuu fi galma gahiinsa isaatiif aadaa hunda keessatti maatiin,seerri,amantaan,siyaasni biyyattii fi qaamni mootummaa fi miti mootummaa hundi bal’inaan irratti hojjechuu qabu.

Saala gidduutti walumaagalatti ogeesssi hawaasaa garaagarummaa jiru yoo ibsu garaararummaan jiru kan seeraa baaylojikaalaa ta’e kunis dhiiraa fi dubartii jedhamee maqaan moggaafame malee wanta biraa akka of-keessaa hin qabne agarsiisa.Adeemsa keessa garuu wantoota adda addaa saalaan wal-qabsiisuun akka jalqabamee fi kunis kan dhiraa ta’uu fi dubara ta’anii dhalachuun maqaa qofa osoo hin taane hawwaasni karaa hin taaneen hiikkaa itti kennuun yaada sirrii hin taane qabachaa dhufuu isaa agarsiisa.kanaafi jecha mata-dureen korniyaa idileessuu kun akka irratti xiyyeeffatamee mana barnootaa keessatti hojii irra oolu kan taasisuun barbaachiseef.

Jecha dubartii jedhu yoo fudhanne nama jechuu dha malee hika biraa tokko illee hin qabu,kan dhiira jedhus yoo fudhanne akkasuma.Kana jechuun jarri lachuu maqaa saala adda addaatiif kenname malee -wanta birootiin kan wal-qabate akka hin taane seenaan bal’inaan ni ibsa.Kanaafuu dhiiras ta’ee dubara jechuun midhagina uumama addunyaa kanaati jennee dubbaachuu ni dandeenya.

Dhugaan wa’ee dhiraa dubaraa jiru akkuma jirutti ta’ee barreessituu beekamtuun biyya Faransaayi jalaqaba jaarraa digdammaffaatti yaada itti aanee jiru kana barreessitee jirti.Kunis dubartummaan akkka saala lammaffaatti ilaalamaa akka ture,kana hordofee immoo barnoota,qabeenya horachuu,kafaltiin hojii dubartootaaf kafalamaa turee fi kkf irratti dhiiraan wal-qixa akka hin turre ibsitee jirti.

Kana malees dhaabbanni unaaytiid neeshinii (united natiion) bara 2010 waa’ee dhiira fi dubartii akka addunyaatti wal-bira qabee ilaaluun qorannoo armaan gadii ifa taasisee jira.Kunis kan baay’ee nama dhukkubuu fi namatti hin tollee dha.

  • Akka addunyaatti namoota ga’eessotaa dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye miiliyoona 774 keessaa harki lama sadaffaan (2/3) dubartoota akka ta’an agarsiisa.
  • Akka addunyaatti lafti akka qabeenyaatti dubartootaan qabamee jiru parsantii tokko hin caalu.
  • Akka addunyaatti namoota hiyyeeyyi ta’an keessaa parsantiin 75 dubartoota akka ta’an ibsa.
  • Akka addunyaatti daa’immaan carraa barnoota sadarkaa tokkoffaa hin argannee miloyoona 72 kana keessaa parsantiin 54 dubartoota.
  • Hojiin dubartoon irratti hirmaatan cimaa ta’ullee kafaltiin isaanii kafalamu kan warraa dhiiraatiif kafalamuu gadi ta’uu agarsiisa.Rakkoon kun ammas akkuma addunyaatti mul’ata.
  • Dubartoonni akka addunyaatti mooliyoona lamaa ol ta’an dhukkuba qaamaa saalaatiif kan saaxilamanii dha.
  •  Dubartoonni miliyoona 70 tti dhiyaatan biyya ‘Asiya’ keessatti hojii sagaagalummaaf kan saaxilamanii dha.

Shaakala  4.7

Garee tokko shanee dhiirri fi dubartiin walqixxummaan keessatti hirmaachuu fi irraafayyadamoo ta’an ijaaruun gafilee armaan gadii irraatti mari’adhaa.

1.Istastistiiksii armaan olitti ibsame irraa maal hubachuun danda’ama ?

Rakkoo gama koorniyaatiin uumamaa jiru ykn uumamuu danada’u kana hambisuuf mala ogeeyyiin barnootaa (pedagogical design) tokko dhanii jiru.Innis mala koorniyaa idileessuu jedhama.Akkuma maqaan isaa ibsutti mala ogeeyyiin barnootaa ykn mala baruu fi barsiisuu (pedagogy) kun wal-qixxummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti bakka guddaa qaba.

Malli baruu fi barsiisuu (pedagogy) yaad-rimee gama hundaanuu mala baruu fi barsiisuu qabatamaa taasiisuu dha.Qabatama daree barnootaa fi mana barnootaa irratti hundaayuun malli baruu fi barsiisuu kun maaltu baratame,maaltu baratamuuf deemamaa jira,akkamitti baratamaa jira fi dandeettii fi gahumsi  akkasumas jijjiiramni amalaa barataa biratti mul’achaa jiru maali fakkaata kan jedhu yaada kan of-keessaa qabuu dha.

Malli baruu fi barsiisuu akka qabatama jirutti dhiiraa fi dubartootaaf fedhii isaanii giddugala taasisuun kennamu kun immoo mala baruu fi barsiisuu koorniyaa giddugala taasifatee dha.Malli kun yommuu karoorri barannoo qophaa’u,yommuu barsiifamu,haala qabiinsa daree fi iyyaafannoo walitti fufaa gaggeessuu kessaatti korniyaa idileessuu gaafata.

Malli baruu fi barsiisuu baay’een kan akka gahee taphachu,marii garee,qo’annoowwan xixinnoo (case study),agarsiisaa, daawwannaa fi kkf hojii irra oolaa akka jiran ifaa dha.Yaata’uu malee korniyaa ideleessuu irratti rakkina qabu.Barsiisonni baay’een yommuu karoora isaanii qopheeffatan keessaawuu barnoota saayinsii uumamaa keessatti akkataa koorniyaa giddugala taasifatuun hin turre.Ammas barsiisota tokko tokko biratti ilaalchi dubartoonni barnootaa tokko tokko sodaachuu akka hin qabne  taasisuu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa hin jiran.

Kanaan wal-qabatee osumaa dubartoonni daree barnootaa keessa jiranuu keessawuu barnoota saayinsii uumamaa tokko tokko gonfachiisuu irratti ol’aantummaan warra dhiiraa mul’achaa jira.Kun ammas barsiisota biratti haala koorniyaa giddugala taasifateen hojjechuu akka qaban kan agarsiisuu dha.

Kana malees haalli teessuma isaanii daree keessatti yeroo baay’ee warri dhiiraa fuuldura dubartoonni immoo gara duubaa taa’u.Kun akka sagaleen isaanii wal-qixa hin dhagayamnee fi carraan sagalee argachuu kan warra dhiiraa jajjabeessuu fi dubartoota laaffisu ta’ee argamee jira.Kana hunda cabsinee keessa bayuuf gareewwan marii adda addaa keessatti dubartootaa fi dhiira wal-qixa hirmaachisuun murteessaa akka ta’e irra gahamee jira.Kanaafuu barsiisaan daree keesattis ta’een dareen alatti hirmaannaa barattoota shamarranii kana cimsuuf si’aayinaa fi onnaachiiftuu adda addaa fayyadamuun itti adeemuu qaba.Ilaalchi shamarranii akka dhiiraa barnootaan cimuu hin danda’an ;kunis shamarran heerumaaf qophii ta’uu qabu jedhu kun hawaasa hunda biratti cabee hafuu qaba.

Kana malees kitaaboleen barnootaa wayta qophaa’an oolantummaa dhiiraa kan mul’isanii dha.Kana jechuun yeroo baay’ee doktaroonni,injinaroonni fi warroonni xiyyaara balasiisaan dhiiraa qafa akka ta’anitti himama.Kunis akka waan shamarran sadarkaa kana gahuu hin dandeenyeetti waan ibsamuuf bal’inaan irratti hojjetamee shamarraniis akkuma warraa dhiiraa dooktara,injinara fi xiyyaara balaliisuu akka danda’an shamarran mataa isaaniis ta’ee hawaasni amanee fudhachuu qaba.

Malli baruu fi barsiisuu keenya walitti dhifeenya barataa fi barsiisaa kan cimsu yoo ta’e wal-qixxummaan dhiiraa fi shamarraniis keessatti mirkanaawe jecuun kan danda’amu.Kanaaf koollejjota barnoota barsiisotaa keessattis barsiistuu gahumsa qabdu horachuuf itti siqnee dandeettii fi rakkoo dhuunfaa isanii irratti hubannoo argachuun bau’aa qabeessummaa isaa irratti immoo xiyyeeffannoon hojjechuu gaafata.Kanaaf barsiisaan hojii hojjetu hunda keessatti fedhii barattootaa giddugala taasifachuu qaba kan jedhamu.Akkasumas bulchiinsi mana barnootaa yommuu karoora isaa baafatu waa’ee koorniyaa idileessuu kana irratti xiyyeeffachuu qaba.

Walumaagalatti rakkoo gama koorniyaatiin mul’atu kana akka hin mul’annee fi haala wal-qixxummaa qabu irratti akka xiyyeeffatu taasisuuf sirna barnootaa keenya sirritti gad-fageenyaan irra deebinee ilaaluun barbaachisaa dha.

GUDUUNFAA

Adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti tokko tokkoo barataa hirmaachisuuf mala baruu fi barsiisuu hirmachisaa ta’e qabaachuun murteessaa ta’ee argameera.Malli kunis kan jijijjiramu,ka’umsa qajeelfamaa tokkoof kan barsiisaa (leenjisaa) isaa itti dhaggeeffatuu fi kaka’umsa gochaalee garagaraa raawwachuuf hiriyootaa fi barsiisota isaa waliin itti waliigaluu dha. Akka beektonni barnoota aadaa saba baay’ee waliigalanitti barnoonni kun agarsiisa qajeelfama barnootaa,bulchiinsa barnootaa,gorsaa fi bulchiinsa gaarii,barnoota saganteessuu,qabxii galmeessisuu fi mana barnootaa tasgabbeessuu  dabalatee sadarkaa barnootaa hundatti murtii kennuuf bakka guddaa qabuu dha.

Daree adda addummaa qabu sirritti to’achuuf qabxiin inni duraa amala fi kaka’umsa mataa keetii beekuun murteessaa dha.Galma ga’iinsa barattootaa mirkaneefachuuf barsiisonni sadarkaa hundattuu dursanii haala wal-kabajuu fi wal-danda’uu aadaalee irratti hubannoo mataa ofii qabaachuu qabu. Daa’imman akka jibba dhabamsiisan barsiisuu keenyaan dura nuti loogumaa irraa bilisa ta’uu fisodaa ykn jibbiinsa hir’isuu irratti ofii qulqulloofnee namoota naannoo keenya jiranis qulqulleessuu qabna. Hiikkaa waliin ga’iinsa mala baruu fi barsiisuu haala daree barnootaa wal-makoo qabu giddugala taasifate fakkeenyaaf sanyii,eenyummaa fi garee aadaa adda addaa hawaasa dimokraatawa ta’e keessatti dandeettii ittifufiinsa qabu  gonfachiisuu fi ga’umsa akka horatan gochuu irratti mala baruu fi barsiisuu galma ga’iinsa barattota hunda hammachuu danda’uu dha.

Hundi keenya waliif dhimmamnee wal-dhaggeeffachuu qabna.Dhimma kana irratti baay’ee of-eeggachuu qabna;sababiin isaas qaaman osoo wal-arganii hin haasofne namoonni imeelii adda addaa fayyadamuun namoota dogongora keessa galchuu danda’u.Yaada akkanaa kana balleessuuf iftoominaan wanta iftoomina gaafatu irratti gaafii seera qabeessa ta’e gaafachuu dha.

Fedhii barattoota adda addaa hubatanii haala mijaawa uumuun dandeettii cimina barsiisaa murteessaa dha. Yeroo baay’ee koolleejjii barattonni sanyii adda addaa qaban keessatti baratani keessa  yommuu barsiifnu amala isaanii fi wanta itti dhagayamuu danda’u hubannoo keessa  galchuun barbaachisaa dha.Mala baruu fi barsiisuu barattoota hunda hammachuu danada’u irratti xiyyeeffachuun sirni barnootaa keenya ilaacha barattoota hundaa giddugala taasifatee fudhatamaa fi jaalala kan qabu ta’uu qaba.

Maalummaa koorniyaa barsiisuu fi galma gahiinsa isaatiif aadaa hunda keessatti maatiin,seerri,amantaan,siyaasni biyyattii fi qaamni mootummaa fi miti mootummaa hundi bal’inaan irratti hojjechuu qabu. Malli baruu fi barsiisuu baay’een kan akka gahee taphachu,marii garee,qo’annoowwan xixinnoo (case study),agarsiisaa, daawwannaa fi kkf hojii irra oolaa akka jiran ifaa dha.Yaata’uu malee korniyaa ideleessuu irratti rakkina qabu. Kanaafuu mala baruu fi barsiisuu keenya keessatti koorniyaa idileessuun (giddugala ) taasifachuun murteessaa dha.

Gaafilee xumura booqonnaa kanaa

Gaafileen armaan gaditti dhiyaatan qabxiilee ijoo booqonnaa kanaa irratti kan xiyyeefatanii dha.Kanaafuu takko shanee keessaniin bal’inaan irratti mar’adhaa.

1.Garaagarummaa keessa tokkummaan jira yommuu jedhamuu maal jechuu dha? 2.Gaheen warra dhiiraa qofaaf kennaman akka aadaa keetitti maal fa’a ? kun sirrii dha jettee yaaddaa? 3. Gaheen warra shamarranii (dubartoota) qofaaf kennaman akka aadaa keetitti maal fa’a ? kun sirrii dha jettee yaaddaa?
0
Created on By admin

TECS 222 Chapter 4 Quiz

TECS 222 Chapter 4 Quiz

1 / 5

TECS 222 4.1. Adeemsi namni tokko miidhagina aadaasaa itti baratu maal jedhama?

2 / 5

TECS 222 4.2. Kaayyoon barnoota aadaa saba baay’ee garaagarummaa barattoota gidduu jiru dhabamsiisuudha.

3 / 5

TECS 222 4.3. Peedaagoojiin walgitiinsaa malleen baruu barsiisuu dorgommiirratti hundaa’e nijajjabeessa.

4 / 5

TECS 222 4.4. Barsiisoonni gahumsa qaban adda addummaa barattootaa dhabamsiisuurratti cimanii hojjetu.

5 / 5

TECS 222 4.5. Gitni korniyaa garaagarummaa dhiiraafi dubaraa adeemsa hawaasessuutiin uumamudha.

Your score is

The average score is 0%

0%

LEECALLOO BARUU-BARSIISUU (Instructional Resources)

Bennet, C.I. 2007. Comprehensive Multicultural Education: Theory and Practice (6th ed.). Boston: Pearson.

Camicia, Steven P. Prejudice Reduction through Multicultural Education: Connecting Multiple Literatures. Social Studies Research and Practice Volume 2, Number 2, Summer 2007. www.socstrp.org

Gay, Geneva. 1994. A Synthesis of Scholarship in Multicultural Education. North Central Regional Educational Laboratory

Gollnick, D.M. & Chinn, P.C. 2006. Multicultural Education in a Pluralistic Society (7th ed.) Upper Saddle River, N.J: Pearson.

Monteith, Margo J., and Aimee Y. Mark. “Prejudice Reduction.” Encyclopedia of Social Psychology. 2007. SAGE Publications. 13 Nov. 2010. <http://0-www.sage-ereference.com.oasis.unisa.ac.za/socialpsychology/Article_n414.html>.

Moss, Glenda. 2001.  Critical pedagogy: Translation for education that is multicultural.

Multicultural Education – History, The Dimensions of Multicultural Education, Evidence of the Effectiveness of Multicultural Education.

Richards, Heraldo V.,  Brown, F. & Forde, B. (2006) Addressing Diversity in Schools: Culturally Responsive Pedagogy . National Center for Culturally Responsive Educational Systems.

Cumming-McCann,Allison. 2003. Multicultural Education Connecting Theory to Practice. In focus On Basics: Connecting Research and Practice. Volume 6, Issue B.  http://findarticles.com/p/articles/mi_qa3935/is_200101/ai_n8948129/

Aspin, D.N. (1990). Cultural identity and social Alternatives, 9(2), 25-29.                           

Banks, J. (1989). Multicultural education: characteristics and goals. In J. Banks & C. 1 Multicultural education: Issues and perspectives. Boston: Allyn and Bacon.

David man, L.,& David man, P.(1997). Teaching with a multicultural perspective: Ap,longman

Breakwell, G.M., & Canter, D.V.(Eds.). (1993). Empirical approaches to social representations. Oxford, UK: Clare

Ho, R. (1990). Multiculturalism in Australia: A survey of attitudes, Human Relations, 43, 259-272.

Kovaks, M. L., & Cropley, A.J. 91975). Alienation and the assimilation of immigrants. Australian Journal of social Issues, 10, 221-230.

Martin, J. (1987). Multiculturalism and its critics. In R. Bell (ED.), Multicultural societies (pp. 35-51). Sydney, Australia: Sable

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *