Seminar on Issues in Primary School – Prac 352

Biiroo Barnoota Oromiyaatti

Maqaa Koorsichaa: Seminaara

Koodii Koorsichaa: Prac 352

Kireedit aaworii: 2

Qopheessitoota Moojulichaa

  1. Guddataa Guutaa (MA) KBB Shaambuu
  2. Dassaaleny Fayyisaa (MA) KBB Shaambuu

Gulaalaa

Fiqaaduu Lammii (MA) KBB Ciroo                        

Guraandhala 2008

                                                                                              BBO

  1. Odeeffannoo Moojulichaa ————————————————————-1
  2. Barbaachisummaa Koorsichaa ——————————————————1
  3. Ibsa Koorsichaa ————————————————————————–1
  4.  Bu’aawwan koorsichaa (course outcomes) ————————————–2

  Kutaa I: Yaad-rimeewwan Waliigalaa Seminaaraa———————————–3

   1.1 Hiika Seminaaraa—————————————————————————3

   1.2 Kaayyoo Seminaaraa ———————————————————————4

   1.3 Garaagarummaa Seminaaraa fi woorkishooppii————————————5

   1.4 Garaagarummaa Seminaaraa fi qorannoo——————————————-5

   1.5 Naannoowwan Xiyyeeffannoo Seminaarichaa————————————–6

   1.6 Qajeelchituu Seminaaraa —————————————————————-7

    Kutaa II: Caasaa Waliigalaa Waraqaa Seminaaraa———————————–8

    2.1 Kutaa Jalqabaa—————————————————————————–8

    2.2 Kutaa Barreeffama Ijoo—————————————————————————9

    2.3 Kutaa Xumuraa (The last Section) ————————————————–15

    Kutaa III.  MADAALLII (ASSESSMENT) ———————————————-16

I.Odeeffannoo Moojulichaa

Mataduree Koorsichaa: Seminaara

Lakkoofsa Koorsii: Prac 352

Kireedit aawoorii: 2

Koorsi-duree koorsichaa (Pre-requisite courses)- Koorsota piraaktikamii hundaa fi qorannoo gochaa

II.Barbaachisummaa Koorsichaa

Koorsiin seminaaraa kun itti fufa koorsota piraaktikamiiwwanii ti. Barbbachisummaan koorsii kana kaadhimamtoota barsiisotaaf kennuu inni ijoon; akka gad-fageenyaan yaadan, akka raawwattoota dammaqoo (reflective practionaner) ta’anii fi ogumma of-ibsuu isaanii fooyyessuuf dha.

Carraa ogummaa xiyyeeffannoo ijoo seminaaraa adda baasuu, qindeesuu fi xiinxaluu isaanii fooyyessuu fi muuxannoo kana irraa argatan akka adeemsa hojii ogummaa isaanii gara fuul duraatti calaqisiisaniif gargaaruuf dha.

Dabalataanis koorsichi kan qophaa’eef kaadhimamtoonni barsiisotaa  hojiiwwan  seminaaraa naannoo piraaktikamii, si’aayinaan barachuu, sirna barnootaa, iyyaafannaa daree, bulchiinsa mana barumsaa, qulqullina barnootaa, dagaagina ogummaa itti fufaa, barnoota hunda hammattoo fi kkf irratti dandeettii, ogummaa, sonaa fi  ilaalcha gaarii akka gabbifatan taasisuuf dha.

III.Ibsa Koorsichaa

Seminaarri carraa of-madaaluu, marii qajeelcha irratti hundaa’e, marii rakkolee irratti xiyyeefate taasisuu, rakkoo furuu fi calaqqee muuxannoo piraaktikamii irraa argame fi dhimmoota sagantaa barnota barsiisotaa garaagaraa irratti dhiheessuuf carraa kenna. Barattoonni gargaarsa barsiisotaatiin deeggaramanii dhiheessa seminaaraa muuxannoo piraaktikamii isaanii fi dhimmoota barnoota sadarkaa tokkoffaa Itoophiyaa yeroo ammaa wajjin walqabatan irratti akka qopheessan ni taasifama.

Kaadhimamtoonni barsiisotaa carraa qophaa’inaa fi dagaagina dhuunfaa fi ogummaa isaanii irratti calaqqee dhiheessuu argatu. Kana irraa kan ka’e, seminaarri kaadhimamtoonni barsiisotaa carraa muxannoo of-danda’anii barsiisuu isaanii akka gabbifatan (Piraaktikamii IV), odeeffannoo bu’a qabeessa fi qabatamaa dhimma daree fi to’annoo amalaa irratti akka argatan, dhimma karoora barnootaa, ogeessota wajjin hojjechuu, iyyaafannoo fi maatii wajjin hariiroo uumuu irratti gahee guddaa taphata.

IV. Bu’aawwan koorsichaa (course outcomes)

Kaadhimamtoonni barsiisotaa xumura koorsii kanaa booda kan isaan irraa eegamu:

  • Muuxannoowwan piraaktikami irratti of madaaluu, qaaccessuu fi calaqqee dhiheessuu
  •  Dhiheessa seminaaraa hordofuu fi dhiheessuu irratti qooda fudhachuun  dhiheessa sirrii fi ogummaa gadifageenya qabu calaqisiisuu
  • Yaad-hiddama saayinsii baruu barsiisuu sirrii ta’e irratti hundaa’uun muuxannoowwan dhuunfaa qindeessuu fi calaqqee irratti dhiheessuu
  • Poortifoliyoo ogummaarratti hundaa’e kan muuxannoowwan barnoota barsiisotaa bu’uureffate  qindeessuu fi qopheessuu
  • Dhimmoota (issues) fi shaakaloota (practices) barnootaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi kolleejjii keessa jiran adda baasuu
  • Muuxannoo fi yaada kalaqa haaraa waliin wal jijjiiruu
  • Barumsa walta’insaa fi beekumsa adeemsa hawaasummaan ijaaramu (social construction of knowledge) dinqisiifachuu
  • Garaagarummaa muuxannoowwan dhuunfaa fi hiika ijaaruu (meaning construction) dinqisiifachuu
  • Adeemsa gareen ykn walta’insaa barachuu keessatti si’aayinaan hirmaachuu
  • Dandeetti walfalmuu ykn waliin mari’achuu dhimmoota ogummaa irratti gabbifachuu
  • Dandeettii gad-fageenyaan yaaduu fi xiinxaluu dagaagina ogummaa isaanii irratti gabbifachuu.

Kutaa I: Yaad-rimeewwan Waliigalaa Seminaaraa

1.1 Hiika Seminaaraa

Seminaara jechuun walittiqabama namootaa kan mata duree addattii filame tokko irratti mari’achuu irratti xiyyeeffatu dha. Seminaarri barattootaaf waa’ee mataduree tokkoo garee xiqqoodhaan, kan 10 – 15 ta’een, bal’inaan hubachuu (explore) fi beekumsa isaanii gabbifachuuf carraa isaanii kenna. Walitti qabamni akkasii kun yeroo baay’ee hirmaachisaa ta’ee kan hirmaattonni kallattii dhaan mataduree filatame irratti xiyyeeffatani dha. Waltajjiin akkasii kun beektota waraqaa seminaaraa dhiheessanii fi waltajjicha gaggeessuu danda’an tokko ykn lamaan hogganama.

Waraqaa seminaaraa jechuun akaakuu hojii qorannoo ta’ee kan mata duree murtaa’e tokko dhiheessu fi gareewwan fedhii fi kaka’umsa qaban hirmaachisu, keessattuu dhimma barnootaarratti kan fuulleffatu dha. Yeroo baay’ee seeminaarri kan qajeelfamu/hogganamu barataa mata duree irratti qophaa’een fi kan marii jalqabuun ta’a. Seminaarri qaama hundaaf bu’a qabeessa akka ta’uuf barattoonni warreen kaan itti gaafatamummaa fudhatanii yaada gumaachuu fi gaafachuu qabu. Kana sirriitti hojiirra oolchuuf gumaachi isaanii kan qo’atame fi dursaan irratti qophaa’ame ta’uu qaba.

Barsiisaan kolleejjii gahee haala mijeessummaa fudhata. Kaayyoon isaas ibsa kennuu osoo hintaane gaaffilee si’eessaa fi marii ho’isan gaafachuudhaan hirmaannaa hunda miseensotaa cimsuu dha.

Mataduree gaarii filachuun tarkaanfii isa guddaa fi jalqabaa kan seminaara gaarii ta’utti nama geessu dha. Seminaarri mataduree laayibiraarii irratti hundaa’ee odeeffannoo seenaa, odeeffannoo kan haala yeroo ammaa fi qorannoo fuulduraa irratti ta’uu ykn ammoo mataduree pirojektii qorannoo mataa kee irratti ta’uu danda’a.

Yeroo tokko tokko seminaarri xiyyeeffataa ta’a. Yeroo itti inni barbaadaa (searching), gaafataa (questioning), gadi fagaatee yaadota kitaabarraa fi kanneen biroo ykn keessa mataa ofii hubachuuf gargaaru ni jira. Yeroo tokko tokko, gareen seminaaraa yaada gudunfaa irra gahuu danda’a. Yeroo kaan ammoo, gochoota ciccitaa kan yaadonni isaa walqunnamtii ifa ta’e hinqabne irraan nama gessisuu danda’a. Karaa haala lamaanuu, seminaarri iddootti yaada haaraa argatan, irra deebi’anii yaada dulloomaa bifa haaraan ilaalan/hubatan ykn ammoo hubannoo gadifageenya qabu kan hariiroo yaadotaa iddootti gabbifatan dha.   

1.2 Kaayyoo Seminaaraa

Seminaarri mataduree ta’e tokko gadifageenyaan hubachuuf akkasumas dhimma kamiyyuu xiyyeeffannoon ilaaluuf carraa kenna. Carraalee kana argachuuf garuu hirmaannaa ho’aa nama irraa barbaada. Carraalee seminaarri namaa uumu keessaa:

  • Waa’ee mataduree tokkoo gadifageenyaan xiinxaluu;
  • Yaada waljijjiiruudhaan akkaataa itti yaadnu fooyyeffachuu;
  • Muuxannoo fi beekumsa namoota biroo irraa argachuu;
  • Ilaalchota haaraa (new perspectives) argachuu;
  • hubannoo dogoggoraa duraan qabnu adda baafachuu.

Hirmaannaa ho’aa seminaaraa irraa wantoota argachuu qabnu keessaa:

1. Waa’ee mataduree tokkoo hubannoo ifa ta’e fi gadifageenya qabu argachuu fi ofitti amantummaa cimsachuu.
2. Naannoo mijaawaa kan ogummaaleen qo’annoo fi ogummaaleen darbanii hojiirra oolan kan keessatti shaakalamanii cimsataman uuma.

            Ogummaalee darbanii hojiirra oolan kana keessaa muraasnni kanneen armaan gadii ti.

DhaggeeffachuuWaliigaltee uumuu (Negotiation)Hoggansa (Leadership)Gareen hojjechuu (Teamwork)Walqunnamtii afaanii Ittigaafatamummaa fudhachuu (Taking responsibility)Beekumsa waliiqooduu (Sharing knowledge)Ittifayyadama yeroo (Time management)Qabatama cimsuu (Developing an argument)Collaborating with people from different backgroundsDealing with conflicting opinionsProducing and using visual aids

3. Garee netiwoorkii gaarii qabu uumuuf carraa bana.

1.2.1 Kaayyoo Seminaara Barnootaa

Seminaarri barnootaa kaayyolee hedduu ykn tokko qofaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf, seminaarri barnootaa kun kaayyolee armaan gadii of keessaa qaba:

  • Kaadhimamtoonni barsiisotaa rakkoolee adeemsa baruu barsiisuu danquu danda’an akka gad-fageenyaan hubatanii fi hiikan gochuu
  • Kaadhimamtoonni barsiisotaa karaa fooyyaa’aa ta’een akka yaadanii fi ogummaa adeemsa leenjii keessatti gonfatan akka hojiitti hiikan gochuuf

1.3 Garaagarummaa Seminaaraa fi woorkishooppii

  • Garaagarummaan seminaaraa fi woorkishooppii inni ijoon seminaarri baay’inaan barnoota irratti xiyyeeffata dabalataanis akka woorkishooppii gocha irrattii fuulleffachuun isaas xiqqaa dha.
  • Seminaarri yeroo hedduu ogeessa addatti waraqaa marii kan barnoota irrattii xiyyeeffate dhiheessee mariisisuu danda’uun kan gaggeeffamu yoo ta’u woorkishooppiin garuu hamma kanatti ogeessa addaa kan hin barbaanne fi seminaara caalaa hirmaattota waltajjii danuu ta’an kan hammatu dha. Woorkishooppiin karaa nama barumsa dabarsuu ogummaa haaraa hirmaattonni argatanii gara hojiitti akka hiikaniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu dha.

1.4 Garaagarummaa Seminaaraa fi qorannoo

Waraqaan seminaaraa yeroo baay’ee yaada barnootaan walqabate irratti (usually in an academic setting) hojii haaraa qorannoo kan yaada hiddama mataduree murtaa’e irratti garee fedhii, yaada walfakkaataa qabaniif kan dhiyaatu dha. Dabalataanis waraqaan seminaaraa kaayyoolee murtaawaa kan qabuu dha. 

Waraqaan seeminaaraa ka’umsa barreeffama qorannoo ta’ee amaloota hedduu qorannoo waliin kan qooddatu ta’a. Yaata’uu malee waraqaa seeminaaraa barreessuu jalqabuu keettin dura garaagarummaa waraqaa seeminaaraa fi waraqaa qorannoo sirrtti adda baafachuu qabda. Waraqaa seeminaaraa qorannoo bu’uraa (basic research)  irraa adda kan taasisu fknf:-

  • Gatee qabatamummaa gosa barnootaa kan cimsuu dha. (an argument that makes an original contribution to the existing scholarship on your subject)
  • Qorannoo haalaa qabatama bal’aa jiru  deeggaruu dha. (extensive research that supports your argument)

1.5 Naannoowwan Xiyyeeffannoo Seminaarichaa (Thematic Areas in Seminar)

Kaadhimamtoonni barsiisotaa mata duree seminaara isaanii filachuuf naannoowwan xiyyeeffannoo armaan gaditti adda ba’anii tarreeffaman irratti hundaa’uu qabu. Qabiyyeewwan firoomina qaban kanneen biroo keessaas filachuu danda’u.

  • Qophii fi calaqqee poortifooliyoo
  • Qabiyeewwan gosa barnootaa murtaa’e barsiisuu
  • Muuxannoowwan qorannoo gochaa gaggeessuu fi dhimmoota kanaan walqabatan
  • Barnoota keessatti wantoota wayitawaa ta’an keessattuu manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa keessatti
  • Wiirtuu madaallii gahumsaa(COC) barattoota kolleejjii
  • Qophaa’ina ogummaa kaadhimamtoota barsiisotaa
  • Gahumsa kaadhimamtoota barsiisotaa istaandardii barsiisota manneen barnoota Itoophiyaa/Oromiyaa taa’een yammuu ilaalamu
  • Paakeejii mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa
  • Itti fayyadama miidiyaa barnootaa fi ICT
  • Shaakalawwani fi gufuuwwan adeemsa piraaktikamii (practices and challanges of practicum)
  • Dagaagina ogummaa walitti fufaa (CPD)
  • Hariiroo sirna barnootaa kolleejjii fi manneen barnootaa
  • Hojiirra oolmaa malleen si’aayinaan barachuu manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti
  • Hojiirra oolmaa fi gufuuwwan iyyaafannoo daree
  • Dhimmoota naamusa barattootaa fi hoggansa daree
  • Gumiiwwani fi barnoota wal maddeessaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti
  • Ilaalcha barsiisonni sadarkaa 1ffaa ogummaa barsiisummaaf qaban
  • Gochaawwanii fi gufuuwwan barnoota hunda hammattoo (inclusive education) manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa keessatti
  • Naamusa ogummaa barsiisummaa fi seera ittiin bulmaataa
  • Bulchiinsaa fi hoggansa barnootaa
  • Hariiroo hawaasa naannoo, mana barumsaa, barattootaa fi barsiisota gidduu jiru
  • Gahee supperviizyinii barnootaa
  • Firoomina muuxannoowwan daree fi jireenya qabatamaa
  • Bu’aawwani fi miidhaawwan ogummaa barsiisummaa
  • Kkf.

1.6 Qajeelchituu Seminaaraa (guide line for seminar)

Sirnaan hojiirra oolmaan koorsii kanaa fi galma ga’insi bu’aawwan irraa eegamanii xiyyeeffannoo guddaa gama barsiisaa fi barataatiin kan barbaadu dha.  Kaadhimamtoonni barsiisotaa osoo qopheessuu seminaaraa keessa hin galiin, barsiisaan koorsichaa orenteeshinii fi ibsa gahaa gochuufiitu irraa eegama. Kunis kan of keessatti ammatu ibsa hiika yaad-rimee fi faayidaa seminaaraa fi tartiiba qophii seminaaraa keessatti isaan hordofuu qaban faa dha.  Dabalataanis, barsiisaa/ barsiistuun koorsichaa naannoo xiyyeeffannoo ijoo koorsichaa armaan olitti eeraman kanneen kaadhimamtoonni barsiisotaa irratti fuulleffatanii mata duree seminaara isaanii filachuu danda’an irrattis muuxannoo mataa isaanii itti dabalanii ibsa laachuutu irraa eegama. As irratti muuxannoon isaan piraaktikamii 1- 4 keessatti qooda fudhachuun argatan, beekumsi isaan qorannoo gochaa adeemsisuu keessatti gonfatani fi turtiin barnoota koorsiiwwan irratti isaan dabarsan akka ka’umsaatti seminaara kana hojjechuuf isaan gargaaru jedhamee yaadama. Kan biraa kan barsiisaa koorsichaa irraa eegamu kaadhimamtoota barsiisotaa garee miseensa muraasa qabutti qooduun gahee isaan akka dhuunfaa fi gareetti adeemsa qophii seminaaraa irraa eegalee hanga dhiheessa isaatti isaan bahuu qaban irratti ibsa fi hubannaa laachuu dha.

  1. Qophii waraqaa seminaaraa
  2. Mata duree filachuu
  3. Gaaffilee qajeelchituu/gaaffilee bu’uuraa qopheessuu
  4. Ragaa funaanuu fi qaaccessuu
  5. Guduunfaa fi yaada furmaataa kaa’uu

     2.  Calaqqee/Dhiheessa

  • Waraqaa seminaaraa dhiheessuu
  • Marii
  • Duub-deebii

Kutaa II: Caasaa Waliigalaa Waraqaa Seminaaraa

Caasaaleen waraqaa seminaaraa hedduun yoo jiraatan iyyuu barreessitoonni moojula kanaa caasaa armaan gaditti eerame hordofuu filataniiru. Isaanis:

  1. Kutaa jalqabaa
  2. Kutaa Barreeffama/Ergaa ijoo
  3. Kutaa xumuraa

2.1 Kutaa Jalqabaa

2.1.1 Haguuggii

Haguuggiin odeeffannoo armaan gadii qabaachuu qaba:

Mataduree waraqaa seminaarichaa, maqaa dhaabbatichaa/kolleejjii, nama waraqicha barreesse, guyyaa waraqaan seminaarichaa itti galii ta’e/xumurame

2.1.2 Gabatee Baafataa (Table of contents)

Gabateen baafataa haguuggiitti aanee fuula of danda’e irratti qophaawa.

2.1.3 Gabatee fakkiilee fi gabateewwanii (yoo jiraate)

2.1.4 Cuunfaa (Abstact)

Cuunfaan dhugaawwanii fi yaadawwan ijoo kan waraqaa seminaarichaa barreessite keessatti eeraman ammachuu qaba. Qofaa isaa of danda’ee ergaa guutuu seminaarichaa dabarsuu danda’uu qaba. Cuunfaan fuula tokko caaluu hin qabu. Cuunfaan qabxiiwwan ijoo kanneen akka; rakkoo qoratamee, mala hojii irra oole, firiiwwan ijoo, yaadawwan guduunfaa ijoo ta’an qabata.

Odeeffannoo kutaa barreeffama/ergaa ijoo keetii keessatti hin ammatamne cuunfaa keessatti barreessuun barbbaachisaa miti. Dabalataanis kitaabilee wabii, gabateewwanii fi fakkiiwwan cuunfaa keessatti ammachiisuu hinqabnu.

2.2 Kutaa Barreeffama Ijoo

Kutaan barreeffama ijoo waraqaa seminaaraa yeroo baay’ee elementoota bu’uuraa sadii of keessatti ammata.

  1.  Seensa (introduction), kana keessatti ibsi rakkoo qorannichaa fi tartiibni ittiin deebiin itti kennamu bu’uureffama.
  2. Qaama (body), kana keessatti gaaffileen bu’uuraa deebii argatanii fi agarsiiftuuwwan (implications) deebichaa qaacceffamu.
  3.  Goolabaa fi gudunfaa (Summary and conclusion)

2.2.1 Seensa

Kutaan seensaa elementoota armaan gadii qabata;

  • Dugda duuba qorannichaa
  • Ibsa rakkinichaa
  • Kaayyolee qorannichaa
  • Gaaffilee qorannoo
  • Daangaa qorannichaa
  • Mala qorannichaa

Gabaasa keessatti elementoonni tokko tokkoon isaanii kutaa of-danda’e ta’u. Kutaaleen tokko tokkoon isaanii sarara muraasa ta’uu qaba. Walumaagalatti kutaan seensaa fuula lama caaluu hin qabu.

  1. Dugda duuba Qorannichaa (Background of the Study)

Barreeffama gabaasaa keessatti himoonni jalqabaa ibsa yaadawwan ijoo gabaasichaa fi mata durichaa kennuu danda’uu qabu. Ibsi yaadwwan ijoo yaada wliigalaa dugda duuba qorannichaa irratti hundaa’ee kennamuu qaba.

Kutaan kun yeroo hunda madaallii dhimma mata duree filatamee of-keesatti qabachuutu irraa eegama. Karaa biraatiin, kutaan seensaa dubbistootaaf bu’aa qorannichaa gama jijjiirama qabatamaa fi saayinsaawaatiin jiru irratti hubannaa sirrii ta’e kennuutu irraa eegama.

2. Ibsa rakkinichaa

Ibsi rakkoo qorannichaa kan salphaatti hubatamu ta’uun itti jira. Qorataan rakkoo qorannoo karaa salphaa fi ifa ta’een kan ibsuu hindandeenye yoo ta’e qoratichi mataan isaa waa’ee gaaffichaa irratti carraan hubannoo gahaa  dhabuu isaa bal’aa ta’a. Namni rakkoo qorannoo sirriitti hubate namoota biroofis karaa salphaa ta’een ibsuu danda’a.

Xiinxala rakkoo qorannoo keessatti qorataan haala  ittifufinsa qabuun hiika dhugaa/sirrii rakinichaa barbaaduun irraa eegama. Haala rakkina tokkoo hubachuu fi hiikuun baay’ee salphaa miti. Qorataan xiinxala isaa keessatti sababoota (causes) fi mallattoolee (symptoms) addaan baasuuf carraaquu qaba.

3.  Kaayyoolee Qorannoo

Kutaan rakkoo qorannoo gaaffii qorataan deebisuu barbaadu yoo addabaasu, kaayyooleen ammoo kallattii deebii gaaffii qorannichaa agarsiisa. Kaayyoon hundi gaaffii qorannichaa deebisuuf mijaawaa kan ta’e ta’uu isaa qorataan irra deebi’ee xiinxaluu qaba. Gaaffii qorannoo guutummaan guutuutti deebisuun yeroo itti hindanda’amne jiraachuun isaa hubatamuu qaba. Faayidaan kaayyoolee, gaaffilee deebisuuf adeemsa godhamu fi wantoota raawwatamuu qaban addabaasanii ibsuuf dha.

Tartiibni bu’a qabeessummaa kaayyoolee qorannichaa ibsamuu qaba. Kaayyoo ijoon qorannichaa maali? Kaayyoolee xixiqqoon qorannootis maali? Kaayyooleen akkaataa dubbistoonni galma gahinsa kaayyoolee kanaa to’achuu danada’anitti ibsamuu qabu. Kaayoolee hedduu galmaan gahuuf waan nama rakkisuuf baay’ina kaayyoolee murteessuun filatamaa ta’a. Qaamni gaabaasaa inni hafu kaayyoolee duraan ibsaman kan deggaran ta’uu qaba. Akka barbaachisetti dhuma gabaasaatti tokko tokkoon kaayyoo irra deebi’amuu qaba.

Wanti hubatamuu qabu qorannoon mataa isaatiin kaayyoo ykn galma miti. Qorannoon karaa ittiin galmi bira gahamu dha. Yeroo hunda, kaayyoon dhumaa qorannoo kan  ta’uu qabu wanta qabatamee jiru fooyyessuu dha.

4. Gaaffilee Qorannoo

Kutaan seensa qorannoo gaaffilee qorannichaas adda baasee ibsuu qaba. Ibsi kunis gaaffilee deebiin barbaadamaafii jiru fi taateewwan qoratamanii beekamuu qaban dabalachuu qaba.

Barreessaan qorannichaa gaaffilee kam akka deebisuu qabu gadifageenyaan xiinxaluun irra jira. Mata duree qorannichaaf gaaffii tokko ykn lama kaa’uu kan hindandeenye yoo ta’e qorannichi himamoota xiyyeeffannoo hinqabne fi gaaffii deebisuu kan hindandeenye ta’ee xumuramuu danda’a. 

5. Daangaa qorannoo (Scope of the study)

Gabaasa tokko keessatti wantoota hedduu ibsuun hindanda’amu. Kanaafuu, barreessichi daangaa qorannoo isaa hiikuu/ibsuu qaba. Daangessittonni kaawaman kun qabatamaa ta’uu isaaniitiif sababa amansiisaan dhiyaachuufii qaba. Qaamoleen qorannichaaf barbaachisaa ta’an sababa gahaa malee keessaa hafuu hinqabani. Dhiibbaan daangessitoota ibsamanii kun hojii irra oolmaa bu’aa qorannichaa waliin walbira qabuun madaalamuu qaba. Daanggessitoonni murtessaa ta’an hundi dubbistootaaf sirriitti ibsamuu qabu.

6. Maloota qorannoo (Research methods)

Seensi yeroo hunda ibsa maloota qorannichaa fi xiinxala laafinaa fi cimina maloota kana irraan dhufan ammachuun itti jira. Maloota qorannoo seminaara hojjechuuf fayyadan armaan gaditti eeramaniiru. Maloonni kun kan walitti dhufeenya hinqabne fi kan wal hin ammanne miti. Isa caalaa, kan waliin waldeggaran  fi guutuu waltaasisan ta’u. Garuu, kan hubatamuu qabu, qorannoo seminaaraa gaarii tokkoof qorannoon barruu (literature study) qorannoo waa’eetiin (case study) ykn  gaafannoon ogeessotaa (expert interviews) muraasaan deggaramuun gahaa ta’a.

Maloonni qorannoo kun kaayyoolee fi gaaffilee qorannichaa waliin kan deemani fi kan walmilkeessan ta’uun barbaachisaa dha. Laafinoonni maloota karoorfamanii ibsuun barbaachisaa dha. Qorannoon barruu (literature) qofaan gaggeeffamu taatee qabatamaa ibsuuf dandeettii inni qabu baay’ee murtaawaa dha. Kanaafuu, fakkeenyaaf, qorannoon waa’ee ykn qorannoon gaaffii qomaa (interview survey) hojii irra ooluu danda’a. Haa ta’u malee, fakkeenyaaf hanqina yeroo irraa kan ka’e qorannoon barruu qofti hojiirra kan ooluu qabu yoo ta’e, hanqinoonni isaa ibsamuu qabu.

7. Caasaalee kutaa gabaasaa (The structure of the report section)

Qindoominni waliigalaa kan gabaasaa gabaabinaan dhuma kutaa seensaa irratti ibsama. Sababni ibsa kutaalee armaan gadii itti kennameefii dubbistoonni akka qindoomina gabaasaa hubataniifi.

2.2.2  Qaama Gabaasaa (The body of the report)

Kutaa seensaa keessatti rakkoon ni ibsama; akkasumas maloonni ittiin furamu ni kaawamu. Gartokkee ijoo qorannoo seminaaraa keessatti, kana jechuun qaama isaa keessatti, rakkoon ni furama. Kana gochuuf, caasaan (structure) dubbistoota adeemsa sababeessa barreessichaa akka hubatan gargaaru filatamuun itti jira. Yeroo baay’ee, qaama gabaasaa kutaalee hedduutti qoqqooduun bu’a qabeessa ta’a.

Kutaa/lee jalqabaa.  Kallattumaan mata duree qorannichaa hojjechuu jalqabuun kan inni irratti xiyyeeffatu ibsa beekumsaa waa’ee mata durichaa kan duraan turee ta’a. Jalqaba qorannichaatti barreessaan yeroo hunda waa’ee qorannichaa argannoowwan irra gahaman ibsuu qaba. Yaadonni dhiyaatan kunis beekumsa duraan ture kana bal’isuu irratti malee irra deebiin ibsuu qofa irratti kan xiyyeeffate ta’uu hinqabu.

Yeroo baay’ee, ibsi odeeffannoo mata duree qorannoo ilaallatu kan kennamu akka qorannoo barreeffamaatti (literature study) ta’a. Kun, yoo barbaachise, gaafannoo qomaa eksipartiin deggaramuu danda’a.  Gatiin/fudhatamni qorannoo barreeffamaa (literature study) haalaan kan dabalu barreessichi adeemsa mataa isaa yoo uummachuu danda’e fi argannoowwan duraanii walittiqabee hiika mataa isaa yoo kennuu dandaa’e dha.

Waraabbiin kallattii yaada beektotaa baay’achuu hinqabu. Barreessichi dura yaada dhiyaate maddaan erga hubatee booda jechoota mataa ofiitiin ibsuu danda’uu qaba. Qajeelfamni tokko, al tokkotti hima tokko qofa kallattiidhaan waraabuu dha. Kunis kan ta’u maddichi yaadota barbaachisoo karaa gabaabaa fi ifa ta’een kan dhiyeessu yoo ta’e dha. Waraabbiin walmormisiisaa waan ta’eef barreessitoonni yaada namaa karaa sirrii hintaaneen hiikuu irraa ofeeggachuun barbaachisa.  

Akkaataa odeeffannoon dhihaate barreessaan xiyyeeffannoo addaatiin ilaauu qaba. Odeeffannoon hundi haala gabaasaa waliin kan deemu fi maddi hundi eeramuu kan agarsiisu ta’uun ilaalama. Maddi kan ibsamuu qabu akka eerama;-

            Gaafannoo qomaatti

            Bu’aa qorannoo haaraa daataa barreessaatiin funaaname (based on empirical

data) yoo ta’e ammo:-

  • yaada waliigalchaa (deduction) barreessichaa
    • yaada ka’umsaa (assumption) barreessichaa
    • yaada tilmaama (guess) barreessichaa

Wantoota akka waliigalaatti beekamoo fi guutummaan isaanii mirkanaawoo ta’an qofatu madda malee dhiyaachuu danda’a. Isaanumtuummoo barruu biroo keessatti akka maddaatti eeramaniiru yoo ta’e akka madda wabiitti eeramuun isaanii barbaachisa. Himamni madda isa barbaachisu tokko wabii malee yoo dhihaate tilmaama ykn yaada ka’umsaa barreessichaa akka ta’etti fudhatama.

Barreessaan yaada dhuunfaa, odeeffannoo, yaada ka’umsaa fi tilmaama ofii yeroo barbaadametti akka dhiyeessu ni jajjabeeffama. Haa ta’u malee, yaadni dhuunfaa, odeeffannoon, yaadni, ka’umsaa fi tilmaamni ofii yoo dhiyaatan adda bahanii ibsamuu qabu. Fakkeenyaaf, “odeeffannoon sirrii ta’e jiraachuu baatus, ….. waan ta’u fakkaata.”    

Tilmaamni fi yaadni ka’umsaa hundee hinqabne fudhatamummaa qorannichaa baay’ee gadi buusa. Haa ta’u malee, tilmaamni fi yaadni ka’umsaa odeeffannoo sirriitiin deggarame fudhatamummaa qorannichaa baay’inaan ni dabala. Yaadni haaraan fi hubannoon gadi fageenya qabu gatii qorannoo yeroo hunda ni dabala.

Qorannoon barruu (The literature study) walitti ijaarsa beekumsa hanga har’aatti irra gahamee tureen gudunfama. Walitti ijaarsi beekumsa duraanii kun, fakkeenyaaf, bifa gabateetiin, fakkiitiin, bifa cuunfaa argannoo duraanii kan iddoo qorannoo haaraa geggeessuun barbaachisu mul’isu ta’ee dhihaachuu danda’uun ykn ammoo bifa isaan kana walittimakateen ta’a.

Galmi qorannoo beekumsa duraan argatamee jiru fayyadamanii rakkoo murtaawaa ta’e tokko furuufi. Barreessichi beekumsi argatamee lafa jiru haala qabatamaa kenname keessatti rakkoo jiru furuuf hojiirra ooluu fi dhiisuu akkasumas daangessitoota akkamii xiyyeeffannoo keessa galchuu akka qabnu karaa saayinsaawaa ta’een murteessa. Barreessaan qorannoo modeelonni fi fireemworkoonni akkaataa itti jijjiiramanii rakkoo waa’ee harka irra jiru furuuf hojiirra ooluu qaban murteessuuf yaala. Rakkoo kallattii garagaraatiin xiinxaluu fi maddoota fayyadaman qeequu akkasumas itti amanamummaa (reliability) maddootaa sirriitti yaadachuu qabna.  

2.2.3 Goolabaa fi gudunfaa

Waa’ee rakkoo qorannoo irratti xiinxalli gadi fageenya qabu erga taasifameen booda goolabni fi gudunfaan qorannoo ni dhiyaatu. Bu’aaleen qorannoo, fakkeenyaaf, akka tartiiba yerootiin, akka tartiiba faayidaa qabeessummaatiin, ykn akka tartiiba loojikaawaa keessoo qabiyyeetiin dhihaachuu danda’u. Goolabni yaada duraan gabaasa keessa hinturre fi haaraa kan ta’e ammachuu hinqabu. Kutaan kun gudunfaalee bifa yaada hiddamaa fi/ykn bifa rikomendeeshinii hojiitti hiikamuu danda’aniin xumurama. 

Gartokkee goolabaa fi gudunfaa kana keessatti qorannoon fulduraa/dabalataa mataduree sanaa akka rikomendeeshiniitti dhihaachuu qaba. Barreessichi wantoota barataman, wantoota ammoo haaraa turan fi mataduroota kam ykn qaamolee rakkoo qorannoo sanaa kan dabalataan qoratamuu qaban himuun irraa eegama.

Qorannoon yeroo hunda madaallii ciminaa fi laafina kan maddoota ragaalee, kan maloota qorannoo fi hunda caalaa kan bu’aalee qorannoo fi tarkaanfilee fudhatamuu qabanii ammachuu qaba. Amanamummaa (reliability) fi hojiirraa oolmaan bu’aan qorannoo akka waliigalaatti qabu maali? Yeroo qorannoo kun gaggeeffamaa ture, wantoonnii murteessoon akka yaada ka’umsaatti fudhataman maali, fi dhiibbaan isaanii ho maali? Daangessitootni kanneen jalqaba qorannoo irratti ibsamanii hoojiitti hiikamummaa bu’aa qorannichaa irratti dhiibbaa isaan qaban madaalamuu fi ibsamuu qaba. 

2.3 Kutaa Xumuraa (The last Section)

2.3.1 Maddoota wabii

Maddoota odeeffannoo wabii kan kitaabaa, joornaalotaa fi madden biroo eeruun dirqama dha. Tarreen maddeen odeeffannoo kunis dubbistoonni akkaataa madden kana argachuu dandeessisu fi guutuu ta’uun itti jira.

Joornaalotaaf: maqaalee barreessitootaa, bara itti maxxanfame, mataduree waraqichaa, mataduree joornaalichaa, lakkoofsa vooliyuumii isaa,  lakkoofsa fuulaa jalqabaa fi xumuraa kan waraqichaa.

Kitaabaaf: barreessaa, bara itti maxxanfame, mataduree, fi lakkoofsa maxxansaa (yoo jiraate), maqaa dhaabbata maxxansee, lakkoofsota fuulaa.

Wabii intarneetiif: barreessaa fuula weebii, guyyaa fuula weebiitti ba’e,mataduree fuula weebii, URL isaa guutuu.

Wabiin gabaasa keessatti itti gargaarame hundi xumura waraqaa irratti tarreen taa’uu qaba akkasumas kanneen tarree madda wabii xumura irra jiran hundi kan qaama gabaasaa keessa jiran ta’uu qaba.

2.3.2 Rarraatota

Kutaan kun kutaa gaaffileen dhimma seeminaaraa kana irratti oddeeffannoo saassaabuuf itti fayyadamnee fi gochoonni raawwatamaa turan itti wal-qabatanii dha.

Kutaa III.  MADAALLII SEMINAARAA (ASSESSMENT)

  1. Gatii waraqaa seminaaraa (40 %)
  2. Filannoo dhimma seminaara barnoota sadarkaa 1ffaa waliin walqabatu (5 %)
  3. Gaaffii bu’uuressuu (5 %)
  4. Daataa guuruu fi qaaccessuu (15 %)
  5. Gudunfaa fi Rikomendeeshinii (7 %)
  6. Qindoomina waliigalaa waraqaa seminaarichaa (5 %)
  7. Maddoota wabii (3 %)
  8. Rifileekshinii hojii seminaarichaa irratti (60 %)
  9. Walitti fufinsa yaadaa (Flow of ideas) (10 %)
  10. Dhimmicha gadifageenyaan hubachuu/to’achuu (Mastery of the issue) (20 %)
  11. Ofitti amantummaa (5 %)
  12. Deebii/yaada kennuu (Reaction) (5 %)
  13. Gaaffii gaafachuu fi hirmaachuu (5 %)
  14. Afaan ifa ta’e, kabaja qabeessa fi walittifufaa ta’e fayyadamu (5 %)
  15.  Itti fayyadama yeroo (5 %)
  16. Fedhii yaada fi duub-deebii qeeqa qabu fudhachuu (5 %)

REFERENCES

Agora (2004). The foundation on A Guide to the Seminar Method

Wiggins, g. (2004). SocraticSeminars: guidelines authentic education

Palmer, P.J. “Good Teaching: A Matter of Living the Mystery.” Change. Jan./Feb. 1990: 11-16.

Adler, Mortimer J. Great Ideas: Seminar Approach to Teaching and Learning. Encyclopedia Britannica.

Frankel, Seth. “The Seminar: Notes and Ideas from a Student Observer.” Olympia, WA: The Washington

Center for Improving the Quality of Undergraduate Education, 1993.

Johnson, David W. and Johnson, Roger T. (1995) Creative Controversy: Intellectual Challenge in the

Classroom. Minneapolis, MN: Interaction Book Company. (621)831-9500. Excellent resource book on

intellectual disagreement.

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.