Science and Scientific Inquiry – ScSI 211

Qabiyyee Fuula
Ibsa Koorsichaa 4
Kaayyoolee Koorsichaa 4
Boqonnaa Tokko 5
Kaayyoo Boqonnaa: 5
Seensa 5
1.1. Hiikaa Saayinsii 5
1.2. Amaloota Addaa Saayinsii: 6
Boqonnaa Lama 7

  1. Beekumsa Saayinsaawaa 7
    2.1. Dhugaawwan, Hiikaa, Yaada rime/yaada hiddamaa fi Seera Saayinsaawa 7
    2.1.1. Dhugaawwaan saayinsaawaa /Sceintific facts 7
    2.1.2. Yaad-Hiddama Saayinsaawaa (Scientific theories) 7
    2.1.3. Seera Saayinsaawaa (Scientific law) 8
    Gilgaala 2 9
    Boqonnaa Sadii 10
  2. Ogummaa Saayinsawaa 10
    3.1. Daawwachuu/Observation: 13
    3.2 Safaruu/Measuring 13
    3.3. Ragaan Deggeruu/Infering:- 14
    3.4. Raaguu/Predicting 14
    3.5.Ramadu/Classifying 14
    Gilgaala 14
    Boqonnaa Afur 15
  3. Amala Saayinsii/Tha nature of Science 15
    4.2. Ilaalcha Saayinsii /Attitudes of Science/ 16
    4.3. Omisha Saayinsii/Scince products 17
    Boqnnaa Shan 18
    Gaaffiin maalii? /What is Inquiry 18
    5.1. Gaaffiin Saayyinsii maali?/ What is scientific inquiry?/ 18
    Boqonnaa Jaha 19
  4. Uumama/amala Gaaffii Saayisii (the nature of scientific inquiry ) 19
    Boqonnaa Torba 20
    Mala Saayinsaawaa (scientific method) 20
  5. 1. Kompoonentoota Mala Saayinsaawaa (Components of Scientific Methods) 20
    Boqonnaa 8 21
    8.1 Dhawatawwan Mala Saayinsaawaa/Scientific steps 21
    8.1.1. Gaaffii gaafachuu/Asking questions: 21
  6. 1.2. Mala dha’u/ Form a Hypothesis 21
    8.1.3. Yaalii geggeessuu 21
    8.1.4. Bu’aa argame xinxaluu 21
    8.1.5. Yaada Guduunfaa kennuu 22
    8.1.6. Bu’aa argame gabaasuu/Qunnamtii Uumuu 22
    8.2.Adeemsa Barachuu Saayinsii 22
    8.2.1. Daawwii 23
    8.2.2.Qoodinsa ykn Ramaddii (Classification) 24
    8.2.3.Qunnamtii Gochuu(Communication) 25
    8.2.4. Safaruu (Measuring) 26
    8.2.5. Raaguu/Tilmaama garafuulduraa 26
    8.2.6 Inferensii 27
    8.2.7. Vaariyaabiloota Addaan Baafachuu fi To’achuu 28
    8.2.8. Ta’innaa (furmaata yeroo) Uumuu fi Qoruu 28
    8.2.9. Daataa xiinxaluu 29
    8.2.10. .Hiikkaa Oppireeshinaalii 29
    8.2.11 Yaalii gaggeessuu 30
    8.2.12. Moodelii Uumuu 30
    Boqonnaa Sagal 32
  7. Amaloota Gaaffilee Saayinsii 32
    Boqonnaa kudhan 34
    Boqonnaa 11 35
    11.1 Dhugaa saayinsaawaa fi Saayinsii Barsiisuu. 36
    Ibsa Koorsichaa
    Koorsiin kun baratttoota Istriimii Herreegaa fi Saayinsii uumamaa waggaa 2ffaa seemisteera 1ffaa leenji’aniif kan qophaa’edha. Baratootni Koorsiiwwan ogummaa barsiisummaa (professional studies) bartan gara saayinsii barsiisuutti fiduun ogummaa saayinsii barsiisuu akka cimsataniif gargaara.
    Kaayyoolee Koorsichaa
     Hiikaa saayinsii ni kennu
     Dhuggawwan saayinsaawaa maal akka ta’e ni ibsu
     Kompponentootaa fi maalota saaynsaawwaa irratti ibsa ni kennu
     Maaloota saayinsaawaa fayyadamuun Gaaffiwwan/argannoo saayinsaawaa gochatti ni jijjiru.
     Moodeloota argannoo saayinsaawatiif ramaddii ni kennu/ni qqodu
     Hariiroo hawaasaa fi saayinsii gidduu jiru irrattiibsa ni kennu
     Barbaachisummaa saayinsii uumamaa ni ibsu
     Kaayyoo saayinsii barsiisuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaaa ni hubatu.
     Madaallii ofiin of madaaluu fi hiriyyoota madaaluu ni shaakalu
     Qorannoo gochaa gaggeessuun rakoolee adeemsa baruu barsiisuu keessatti mul’atniif fala kennu

Boqonnaa Tokko
Kaayyoo Boqonnaa:
Dhuma boqonnaa kana irratti kaadhimamtootni barsssiisotaa:
 Hiikaa saayinsii ni kennu
 Saayinsii fi saayinsii wanta hintaane addan ni baafatu
Seensa
Gaaffii
Saayinsii jechuun maal jechuudha?
1.1. Hiikaa Saayinsii
Saayinsiin beektoota adda adda biratti hiika adda addaa qaba.Waan kana ta’eef saayinsiif hiika tokko kennuun rakkisaadha.Hiikawwan saayinsiif kennaman keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.
Saayinsiin:
 Qaama beekumsaa fi adeemsa beekumsa sana ittiin argatanii ykn adeemsa beekumsa argachuuti.
 Gocha guyyaa guyyaan adeemsa/maloota saayinsaawaa hordoofun raawwatamu ta’ee kan jireenya dhala namaa fooyyessudha.
 Kuufama dhugaa qofaa osoo hintaane dhugaa jiru irratti hundaa’uun toftaalee barachuu,dandeettii maloota saayinsaawaa fayyadamanii ilaalcha saayinsaawaa horachuu dha fi kkf dha.
1.2. Amaloota Addaa Saayinsii:
• Saayinsiin dhugaatti (honest) Kan amanamudha.
• Saayinsiin taatewwan mul’ataniif sababa kenna.
• Saayinsiin shakki yaadota garadhugaattii nama geessaan fudhatama akka argatan ykn dhugummaa akka hin qabne beekuuf ni gargaara.
Saayinsii Barachuu Daa’immanii
Daa’imman mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keesatti barnoonni saayinsii naannoo yemmuu baratanu
o Haala itti gaaffilee naannoo isaaniitiif deebii kennuu danda’anuun barachuu qabu
o Barnoonni saaynsii jiruu fi jireenya guyyaa isaanii wajjin walqabachuu qaba
o Ilaalcha saayinsaawaa qabachuun akka guddatanuuf gumaacha gochuu qaba.
Gilgaala Boqonnaa

  1. Kitaabilee wabii dubbisuun hiika saayinssii beektonni kennan barreessi!
  2. Maaltu saayinsii dha? Maaltu saayinsi miti?
  3. Bu’awwan saayinssin dhala namaatiif qabu tarreessi?
  4. Gaaffileen saayinsii (Scientific inquiries) gaaffilee mirkaneeffamuu/testable questions
    qabanuudha yemmu jennu maal jechuud?
  5. Fakkeenya gaaffilee saayinsaawa kenni!
  6. Fakkeenya gaafilee mit-saayinsawaa kenni!

Boqonnaa Lama

  1. Beekumsa Saayinsaawaa
    2.1. Dhugaawwan, Hiikaa, Yaada rime/yaada hiddamaa fi Seera Saayinsaawa
    2.1.1. Dhugaawwaan saayinsaawaa /Sceintific facts
    Dhugaa: Odeeffannoo baay’ee bekamaa ta’e dha
    Fakkenya:
     Bishaan qulqulluun dirra galaanaa irratti 100 0C dhibba irratti danfa.
     Bishaan molekituulii atoomii haayidiroojinii fi oksijinii irra uumama
     Sanyii bineeldota addunyaa kana keessaa ilbisotni %75 qabatu
     Bishaan ququlluun kan cabbaa’u teempireechara 0oc (Teempireechara fi dhiibbaa beekamaa ta’e irratti).
    Yaada waliigalaa saayinsaawaa (Scientific generalization)
    Yaadni waliigalaa saayinsaawaa yaadrimeewwan walfakkatan baay’ee kan walqabsiisudha.
     FKN: 1. Biqilootni magariisaa lubbuu qabeeyyidha.
  2. Elektriksiitiin hojii hojjechuuf nu gagaara.
    2.1.2. Yaad-Hiddama Saayinsaawaa (Scientific theories)
    Yaad-hiddamootni: Yaada waliigalaa saayinsaawaa.
    Fkn. Yaad-hiddama atoomotaa haa ilaallu. Akka yaad-hiddama kanaatti atoomiin kan uumame nuukilasii kan pirootoonii fi newutiroonii qabanii fi kara alaa elektiroonota bakka baay’ee qabatanii ariitiin socho’an irraati.Yaad-hiddamni kun sababa al-kaallataawaa irratti kan hundaa’edhe.Namni atoomii arge hinjiru; garuu atoomiin haala kanaan kan uumamanidha kanjedhu dhugaadha.

Fakkeenyawwaan Yaad-hiddama biroo:

  1. Yaad-hiddama moleekiyuulii: Kompaawondootni kan uumaman walittibu’insa elektiroonota atomoota irraati.
  2. Yaad-hiddama kineetikii: molekiyuulotni yeroo hundaa sochii irra jiru. Ariitiin sochii isaanii garaagarummaa tempireechraa irrattii hundaa’e agarsiisa.
  3. Yaad-hiddama jijjirama suuta suuuta:Sanyiiwan naannoo isaaniiiitti madaqinsa ni taasisu. Warri madqinsa gaarii taasisan gara fuulduraatti ni jiraatu
    2.1.3. Seera Saayinsaawaa (Scientific law)
     Hariiroo dhugaa wa’ii gidduu jiruu jechaa fi lakkofsaan ibsuu dha.ykn hariiroo dhugaa wa’ii gidduu jiru hima herreegaan ibsuudha.
     Karaa biro Seerri saayinsaawaa:- yaad-hiddamoota warra dhugaadha jedhamanii amanaman ykn dhugumman isaanii mirkana’edha.
    Fkn-1. Seera qabiyyummaa Hanga/The law of constant composition : Kompaawundii keemikaalaa keessatti ruqooleen kompaawundii reeshoo/ykn qooda dhaabbtaa qabu.
    Gocha: Mee barattoota beekumsa armaan dura qabdanu seera kana fakkeenya fudhachuun ibsaa.
    2-Seera harkisoo uunivarsii : wantootni hundinuu walharkisu.Hubni walharkisoo kuni kan irraa’tti hundaa’u hangaa fi fageenya gidduu isaanii irratti.

Gilgaala 2

  1. Dhuggawwan saayinsii maali
  2. Garagarummaa fi walfakkeenyi dhugawwan saayinsii fi yaada bu’uuraa saaynsii maali?
  3. Yaada hiddama jechuun maal jechuudha.
  4. Seera saayinsaawaa jechuun maal jechuudha.
  5. Fakkenya yaada hiddamaa 3 kenni
  6. Fakkeenya seera saayinsawaa 5 barreessi
  7. Garagarumma fi walfakkeenya yaada hiddama saayinsawwa fi seera saayinsaawaa maali?

Boqonnaa Sadii

  1. Ogummaa Saayinsawaa
    Adeemsotni dandeettii/ogummaa barattootni qabiyyee barnoota saayinsii ittiin hubatan baayy’eetu jira. Isaan keessaa muraasni:

 Daawwannaa
 Safaruu
 Ragaan deggeruu/inferring
 Raaguu/tarii ta’innaa
 Ramaduu
 Yaalii geggeessuu
 Waldorgomsiisuu(comparing and contrasting)
 Walqunnamsiisuu(communicating)
 Gaaffilee gaafachuu(asking questions)
 Daataa hiikuu(interpreting data)
 Yaad-rimee hojiirra oolchuu(applying concept)
 Yaada walii galaa kennuu(making generalization)
Akaakuu Ogummaa/Dandeetti Saayinsaawaa
Æ Ogummawwan/Dandeettiwwan Bu’uura (Basic Skill)
Æ Ogummaa/Dandeettii Qindoomina (integrated Skill)

Ogummawwan/Dandeettiwwan Bu’uura (Basic Skill)
Ogumman bu’uuraa sadarkaa barnoota olmaa da’immanii irraa ka’e kan kennamu yoo ta’u ogumman kun heddun isaa kan argamu da’imman qaama miiraa isaanii fayyadamuun kan gonfataniidha.
Ogummawwan/Dandeettiwwan Bu’uura (Basic Skill)
Kutaa barnootaa
K 1 2 3 4 5 6 7 8
Daawwachuu X X X X X X X X X
Ramaduu X X X X X X X X X
Qunnamtii uumuu X X X X X X X X X
Safaruu X X X X X X X X X
Tilmaamuu X X X X X X X X X
Raaguu X X X X X X X X X

Ogummawwan/Dandeettiwwan Qindoominaa
Ogumman qindoominaa dalagaa ogummawwan lamaa fi isaa ol walitti qindeessun argamuudha.
Beektonni heddun akka ibsanutti ogumman/dandeettin qindoomina gadi fageenyaan xinxaluu waan gaafatuuf kutaa sadaffaa fi isaa olitti barsiisfama.

/Ogummawwan/ Dandeettiwwan Qindoominaa Kutaa Barnootaa
K 1 2 3 4 5 6 7 8
Addaan Baasuu X X X X X X
Jijjiiramoota Too’atamoo X X X X X X
Haala irratti hundaa’un hiikkaa kennuu X X X X X X
Mala Dhahuu X X X X X X
Yaalii X X X X X X
Giraafii X X X X X X
Gadi fageenyaan ibsa kennuu X X X X X X
Moodelii X X X X X X
Argannoo X X X X X X

3.1. Daawwachuu/Observation:
Daawwachuun jecha saayinsaawaa/scientific terms yoo ta’u hiikan isaas kaayyoo irratti hundaa’un wantoota xiyyeeffanna itti kennuun gad-fageenyaan xinxaluudha.
Daawwachuun Ogummaa jalqabaa argannoo saayinsaawaatii. Daawwannaa waliigalaa irraa namootni gara dhugaa sirrii ta’ee fi wantoota addaan baasuuf deemuu danda’u.Daawwannaa taasifame irraa namootni wantoota argan haala ifa ta’en gosa gosa isaatin ramadun gabateedhaan akka ibsan gaafatamuu danda’u. Suuta suuta dandeettii yaada loojikaalawaa, hiikkaa odeeffannoo, walittidhufeenya agarsiisuu, ta’iwwanii fi sababa ta’u danda’ef yaada tarii ta’inna/hypothesis, yaalii gaggeessuun haaypooteesisii mirkaneessuu, dhuma irrattis yaada waliigalaa dhugaa ta’e kennuu fi gabaasuu.Adeemsi akkanaa kun ogummaa saayinsaawaa jedhama.
3.2 Safaruu/Measuring
Ogummaa saayisii irratti hundaa’un hamma wantootaa lakoofsaan ibsuudha.
Waan safaramu tokko uunitii beekamaa ta’een walbira qabuun ibsuun safara jedhama. Barattootni wanta naannoo isaaniitti daawwatan sirriitti ibsuu kan danda’an ogummaa safaraa gaarii yoo qabaatanidha.Sdarkaa manabarumsaa sadarkaa 1ffaattii amaloota wantoota saayinsii keessatti safarman shantu jiru. Isaanis: dheerina,qabiyyee,hanga,teempireechara fi yeroodha. Fakkeennya wanta nuti yeroo hundaa miira qaama irratti hinhundoofnee. Sararootni armaan gadii lamaan walqixa?
Safara keessatti Wantoota xiyyeeffannaa argachuu qaban:
 Dogongora xiqqessuuf muxannoo dursanii qabaachuu
 Meeshaalee ittin safarru sirrumaa isaa mirkaneeffachuu/Instrument Calibration
 Dhiibba naanoo xiqeessuuf yaalu
3.3. Ragaan Deggeruu/Infering:-
Tilmaamuu irra raga fi sababa irratti hundaa’un yaada gudunfaa kennudha.
3.4. Raaguu/Predicting
Ta’iwwan raawwateef sababa ta’u danda’ef dursanii tilmaamuu/raaguudha.
3.5.Ramadu/Classifying
Caasaa fi amaloota garaagaraa irratti hundaa’uun wantoota haala walfakkeenyaa fi garaagarummaa isaaniin kaa’uudha.Ramaddiin daawwannaa irratti hundaa’a.
Gilgaala

  1. Garagarumman dandeetti/ogummaa bu’uuraa fi ogummaa qindoominaa giddu jiru maali?
  2. Ogummaa/dandeetti bu’uuraa yaada jedhuuf hiika mata keeti kenni!
  3. Ogummaa/dandeetti qindoomina fakkeenya fudhachuun ibsi!
  4. GaaffinKanneen armaan gadii elementii, kompaawundii fi makaa jechuun deebsi jedhu
    ogummaa bu’uuraa keessaa isa kam ta’a ?
    A B C. 5. Elementii X, W fi Z elementtoota gabatee pireedikii keessatti. X fi W garee tokko keessatti yoo argamaniif X fi Z immoo tarree tokko keessatti yoo argaman kamtu irra caalaa amla walfakkataa qaba jettee yaadda? Gaaffin kun ogummawwan saayisaawaa keessaa isa kam barbaada? Boqonnaa Afur
  5. Amala Saayinsii/Tha nature of Science
    Amalli Saayinsii Priinsiipiloota ijoo fi yaadota ibsa saayinsawaa barbaadan of keessatti qabata.Fkn Haala beekumsaa, Amala beekumsa saayinsawaa.
    Yaadonni ijoon amala saayinsawaa ilaalatan
  6. Beekumsi saayiinsii yeroodhaan kan daangeffama.
    Beekumsi saayinsii ragaalee hedduu fi yaalii irra deddebitiin mirkanaa’us isa dhumaa fi hinjijjiramne jechuu miti yaalii irratti hundaa’e ni foyyaa’a. Beektonni saayinsii argannoo saayinsii tokko yeroo yeroodhaan yaalidhaan ni foyyessu .Kun amala adeemsa saayinsii keessa isa tokko.Amalli saayiinsii maloota saayinsii beektonni saayinsii irratti waliigan kan armaan gadii ti.
    Mala Saayinsawaa Gochoota raawataman
    Observing/Rakkina addaan baafachuu Rakkoo hubachuu
    Inferring Sababni rakkoo maal akka ta’e gaafachuu
    Ta’innaa ykn haaypooteesisii uumuu Sababoota rakkinaa tilmaamuu
    Ta’innaa ykn haaypooteesisii qoruuf yaalii geggeessuu Sababoota rakkinaa yaalii irratti gaggeessuu
    Odeeffannoo ykn daataa funaanuu fi hiikuu Odeefannoo yaalii qindeessuu fi hiikuu

4.2. Ilaalcha Saayinsii /Attitudes of Science/
Ilaalch saayinsii beekaa saayinsiitiin walqabata Amantii Beektonni saayiinsii taateewwan addunyaa kanaa hundi sababa qaba jedhee amana .Mee fknarmaan gadii gareen irratti mari’achuun gabsssaa.

  1. Dharraa/Curiosity/ Beekaan saayinsii haalota dharraadhaan ilaala, xiyyeefannoo addaa kenneefii hordofa Gaaffilee gaafata deebii barbaada
  2. Kaayyummaa -Kaayyoon saayintistichaa/ttii fedhii isaa osoo itti hindabalin sababaa fi daataa irratti hundaa ‘ee qaaccessuun argannoorra ga’a.
  3. Ragummaa qaaccessii fi argannoon ragaarratti hundaa’a.
  4. Iftoomina/Open-mindedness/ Saayintistiin yaada namoota biro ni dhaga’a ni kabajas Qeeqoo ni fudhata raga amansiisaa yoo argate yaada ofii ni geeddara.
  5. Qalaqummaa/Inventiveness/ Saayntistiin yaadota haaraa ni burqisiisa na kalaqa.
  6. Ittigafatamummaa/Risk-taking/ Saayitistiin yaada ofii ni ibsa, yaadota haaraa soda fi qeeqa sodaa malee ni maddisiisa.
  7. Amanamummaa hayyummaa /Intellectual honesty/ Saayintistiin
    Saayintistiin gabaasa dhugaarratti hundaa’e dhiheessa.
  8. Dhugummaa /Humility/ Saayintistiin dogoggora irraa bilisa akka hintaane amanee fudhata.
  9. Kanaafis beektotaa fi maddoota biraa irraa ni mirkaneeffachuun murtii irra ga’a
  10. Itti gaafatamummaa /Responsibility/ Saayintistiin itti gaafatamummaadhaan ga’e of ni ba’a.
    Mamiirraa bilisaa’uu/Being Unbiased/ Saayintistiin dhuggummaa barbaaduun dhaqqabuu malee mamiif balbala hin banu.Kufaatii fudhachuu/Acceptance of failure/ Saayintistiin kufaatii qo’annoo isaarratti isa quunnamuuf qophaa’uu qaba malee mala saayinsawaatiin ala deemuuf hin yaalu.Sirrummaa/Accuracy/ Saayintistiin argannoo fi gabaasa sirrummaan irraa mul’achuu qaba.
    Gocha –ilaalchi maalii? Barnoota saayinsii keessatti hammam murteessaa dha? Gareen mari’chuun dareef dhiheessaas
    4.3. Omisha Saayinsii/Scince products
    Meeshaaleen jiruuf jireenya keenya guyyaa guyyaatti itti fayyadamnu omisha saayiisii hedduu qabu Isaanis saayinsii fi technonlojii fayyadamuun kan omishamani.Fkn

Meeshaalee mana keessaa Meeshaalee quunnamtii Meeshaalee Mana yaalii/ Laaboraatorii/
Ujummoo bishaanii
meeshaalee mana qulqullinaa
Saaworii/qaama dhiqachuuf
-Firiijii
-Eelee eleektriikii
Televivisiinii
-Bilbila
Koompiitara
Intarneetii
Raadiyoo
-Radios
Maayikirooskoppii
Teermoomeetira
Seentriifyuujii

Gocha Meshaalee omisha saayiinsii ta’an kan jireenya namaa foyyeessuuf garagaaran gosa gosaan addaan qoodaatii daree keessaniif ibsa.

Boqnnaa Shan
Gaaffiin maalii? /What is Inquiry
Gaaffiin/ inquiry/n adeemsa dinqisifannaa fi rakkinaa ija banachuu fi naannoo keenyaa beekuuf qophaa’uu ti.Kunis uumamama beekumsaatiif kan balabala bane fi bu’uura kenneefi. Gaaffiin/Inquiry/n beekumsi nammoonni yoo wajjin hojjatan rakkoolee adda addaatiif furmaata waan kennaa deemaniif argannoon, beekumsi haaraan ,rakkoo hiikuun, ni dandeessisa.
5.1. Gaaffiin Saayyinsii maali?/ What is scientific inquiry?/
Gaffiin saayinsii adeemsaa gaaffiif ibsa kennuu fi daataa sassaabuu fi dhugoomsiuu ti. Gaaffii saayinsii ibsa ragaadhaan dhugoome barbaada.Kanaafis Daataa sassaabuu qaacceessuun yaada duraan ture dhugoomsuu ykn kuffisuun adeemsa gaaffii saayisii/ scientific inquiry/ ti Fkn saffiisni konkolaataa boba’aa isaatiin murtaa’uu danda’aa? Gaffiin jedhu gaaffii saayinsii
Gocha –Gareedhaan ta’uudhaan ffileee saayinsii adeemsa saayinsaawaa keessa darbuun firii argachuun dareedhaaf dhiheessaa.Fkn Aleeksaadar Fileemiing haala kamiin qoricha peniisliin jedhamu akka argate mala saayinsawaa keessa dabarsuun firii argadhaa.

Boqonnaa Jaha

  1. Uumama/amala Gaaffii Saayisii (the nature of scientific inquiry )
    Uumama/amala Gaafilee Saayinsii
    Æ Jijjiramuu/fooyya’u danda’u (Subject to change)
    Æ Yaalii irratti kan xiyyeeffate ta’u
    Æ Gara yaada hiddamatti kan guddatu ta’u
    Æ Kalaqaa fi tilmaama fayyadamun ibsa kennuu
    Æ gaaffii ragaa fi sababa irratti hunda’an kan buureffatu ta’u
    Jijjiramuu/fooyya’u Danda’u :- Naannoo keenya daawchuun gaaffileen saayisii sammuu keenya keessatti ergaa uumamaniin booda jiruu ilma namaa fooyyeessuuf argannoof bu’uura ta’u. Gaaffileen ka’an kun argannoo jijjirama jiruu ilma namaatiif kan bu’uura hintaane yoo ta’an ni fooyya’u.
    Yaalii irratti kan xiyyeeffate ta’u : Gaaffileen daawwannaa naannoo keenyaa irraa burqan ragaa fi sababaan kan hindeggaramne yoo ta’an gaaffilee saayinsii jedhamuu hindanda’anu. ragaan deggeruu fi sababeessuu kan dandeenyu immoo yaaliidhaani.
    Gara yaada hiddamatti kan guddatu ta’u: Gaaffileen saayinsaawa burqan adeemsa saayinsaawa keessa darbuudhan gara yaada hiddama waliigalaa dhalli itti fayyadamutti guddachuu qaba.
    Kalaqaa irratti hundaa’un ibsa kennuu:- Gaaffileen saayinsawaa argannoof bu’ura ta’u qabu
    Gaaffii ragaa fi sababa irratti bu’ureffatan ta’u:-Ggaaffilee maaliif, akkamitti, maal, yoom fi kkf of-keessatti hammatan ta’u qabu

Boqonnaa Torba

7.1 Kompoonentoota Mala Saayinsaawaa (Components of Scientific Methods)
Gaaffii
Mala Saayinsaawaa Jechuun Maal jechuudha?
Mala Saayinsaawaa (scientific method)
Wantoota gaaffii nama keessatti uuman dhaawwatawwan adda addaa hordofuun furmaata argchuuf yaalun mala saaynsaawaa jedhama.
Karaa biroon malli Saayinsaawaa Sababeessuu indaktivii (inductive reseaning ) ykn sababeessuu diidaktiii (deductive reseanong ) hordofuun dhawata adda addaa irratti hundaa’un argannoo fi rakkoolee hedduu furuuf adeemsa deemamuudha.Malli kun barattootni akka waan tokko sababa wajjin dhiyyeessan, beekumsa Saayinsaawaa, xiyyeeffannaan yaaduu fi ilaalcha Saayinsaawaa akka horatan taasisa.Mala kana keessatti falli rakkina tokkoo kallattii adda addaan ilaaluu fi sadarkaa hedduu keessa darbuun ittiin argamudha. Malli kun daa’imman keessatti dandeettii sababa laachuu, beekumsa saayinsaawaa hojiitti hiikuu, dandeettii fageessanii yaaduu fi yaada gaarii qabaachuu keessatti hora.

  1. 1. Kompoonentoota Mala Saayinsaawaa (Components of Scientific Methods)
     Gaaffii gaafachuu/rakkoo adda baasuu
     Tarii ta’innaa/hypothesis uumuu
     Yaada tarii ta’innaa mirkaneeffachuu
     Bu’aa argame xinxaluu
     Guduunfaa walii gala kennuu
     Bu’aa argame gabaasuu/qunnamtii gochuu

Boqonnaa 8
8.1 Dhawatawwan Mala Saayinsaawaa/Scientific steps
8.1.1. Gaaffii gaafachuu/Asking questions:
Gaaffin gaariin of-eeggannoon daawwachuu irraa argama.
Daawwannaan qaamolee miiraa keenyaan ykn meeshaatti gargaaramun raawwachuu danda’a.
Gaaffileen maal, maaliif, akkamittin fi yoom jechuuun jalqabanu argannoo keenyaaf baayy’ee barbaachisoodha. Akkasumas gaaffilee sammuu keenya keessatti uumamniif malaakka dhoofnu nu gargaaru.
Fkn. Roobni asiidawaan/acid rain haala kamin guddina biqilootaa irratti dhiibbaa geessisu.

  1. 1.2. Mala dha’u/ Form a Hypothesis
    Ergaa gaaffilee ka’u qabanu burqisiisnee booda gaaffilee sana gara tarii ta’innaa/mala dhahutti jijjiruu qabna.
    Hiikaa Mala dhahu/Hypothesis :- Hima ifaa gaaffilee burqaniif deebii eegnu agrsiisuudha.Mala dhahun tilmaama beekumsa irratti xiyyeeffateedha.
    Mala dhahun karaawwan murta’aa tilmaama keenya ittin mirkaneessinuudha.
    8.1.3. Yaalii geggeessuu
    Yaalii kan geggeessinu mala dhahame mirkaneessufiidha.
    8.1.4. Bu’aa argame xinxaluu
    Daawwannaa geggeessun odeeffannoo sassabne irratti yaalii erga taasifneen booda bu’aa argame kana qaacceessun barbaachisaadha. Daataa/odeeffannoo gurame kana qindeessuuf gabattee fi giraaffin tooftaa yeeroo hedduu itti gargaaramnuudha.
    8.1.5. Yaada Guduunfaa kennuu
    Daataa qaacca’e irratti hundaa’un bu’an argame mala dhame degaruuf deggaruu dhabuu isaa mirkaneessuudha. Yoo b’an argamee mala dhahame kan deggaru ta’e bu’a argame kana mirkaneessuuf irra deeb’un hojjenna. Garu bu’an argame mala dhamee kan hindeeggerre yoo ta’e adeemsa keessa dabarre keessa dogongorri jiraachuu mirkaneeffanna ykn mala duraan dhame dhiisnee tarii ta’innaa biro uumna.
    8.1.6. Bu’aa argame gabaasuu/Qunnamtii Uumuu
    Bu’aa argnnee areeffaman ykn afaniin gaabasa gochuu qabna. Sababni isaas waan baranne namoota biroof dabarsuun barbaachisaa waan ta’ef. Kana ka’msa godhachhun namootni biro argannoo haara argachuu waan danda’aniif. namoonni bir
    8.2.Adeemsa Barachuu Saayinsii
    Yeroo ammaa kana Saayinsii barsiisuun hojii miliniyeemii haaraa kan yaadota garaa garaa xiyyeeffannaa barsiisaa gaafatudha. Saayinsii barsiisuuf yeroo ammaa adeemsa bu’aa qabeessa fayyadamuun toftaa ijaarsaati.Adeemasa kana irraa muuxannoo fi wanta barsiifamu irraa beekumsa dhuunfaa gabbifachuun ni danda’ama.
    Adeemsi ogummaa bu’uraa fi wal-qabataa ta’e handhuura hojii Saayinsii ti. Barattootni adeemsa rakkoo adda baasuun, gaaffii gaafachuu,mala dha’uu,jijjiiramoota (vaariables) adda baasuu,yaada gudunfaa kennuu fi akka qabxii ka’umsaatti fudhachuun qo’annoo gara fuulduraatiif itti fayyadamu. Kanaafuu,adeemsa Saayinsii qo’achuu irraa barattootni ogummaa ittiin yaaduu fi argannoo yaad-rimee Saayinsaawaa argatan sababa wajjin eeruu ni danda’u. Kana irraa barattootni Saayinsiin mal akka hojjetan, saayintstootni Saayinsiin maal akka hojjetan ogummaa irra argachuun dandeettii saayinsaawaa cimsatu.
    Saayinsii barachuun adeemsa saayinsii hoji irra oolchuudha.Bu’urawwan adeemsa barachuu saayinsaawaa kanneen armaan gadii of keessatti qabata:

• Qooduu(ramaduu)
• Daawwwii (observation)
• Safaruu
• Qunnamtii gochuu(Communication)
• Yaada ofii ibsachuu
• Raaguu (waan gara fuulduraas tilmaamuau)
• Moodelii qopheessuu
• Inferiisii
• Variyaabiloota addaan baasanii to’chuu
• Ta’innaa qopheessuu fi qoruu
• “defininig operationaly”
• yaalii
8.2.1. Daawwii

Daawwiin kan jalqabaa, barnoota sadarkaa 1ffaa hanga maasterssiitti shakkii tokko malee isa baay’ee barbaachisa ta’edha.Barsiisotni sadarkaa 1ffaa hamma danda’ametti carraa adda addaa akka baarattootni daawwii taasisan kennuu qabu.Karoora guyyaa guyyaa barnootaa keesatti daawwiin hammatamuu qaba. Baarattootni dandeetti daawwii akka guddifatan, daawwii sirrii ta’ee fi hubannaa daawwii guddaa akka horatan taasisuun gahee barsiisaati. Daawwiin bu’uraa bekumsa saayinsiiti. Fkn- Baarattootni sanyii midhaanii dareetti akka fidan taasisuun barsiisaan akka isaan sanyii adda addaa kana daree keessa deemanii ilaalan taasisa. Daawwii gadifageenyaa erga taasisanii booda sanyiileen kun garaagarummaa akkamii akka qaban gaafata. Baarattootni deebii adda addaa laachuu danda’u.Qaaabxxiwwan garaagarummaan irratti hundaa’u laachuun ni danda’ama.Dursa lakkoofsi dhakaa tokko tokkoof laachuun ni danda’ma.

Lakk.Sanyii Halluu Amala calaqqee(shining property,) Amala biroo
1 —- ——– ——
2 —— ——- ——–
3 —— ——- ———

.-

  • Daa’imman daawwii keessatti miiraa qaama isaanii kan fayyadaman yammuu ta’u barsiisaanis gaaffiilee baayy’ee gaafachuu danda’a.
    8.2.2.Qoodinsa ykn Ramaddii (Classification)
    Caasaa fi amaloota garaagaraa irratti hundaa’uun wantoota haala walfakkeenyaa fi garaagarummaa isaaniin kaa’uudha.Ramaddiin daawwannaa irratti hundaa’a.
    Qoodinsi ogummaa dhaabbata saayinsaawaa hedduu keessatti faayidaa irra oola.Akkusamas ogummaa daa’imman dhugaa fi dimshaashessuu walittiqabuun yaad-rimee uumuuf kangargaarudha.
    Fkn:
    qoodinsa baalabiqilootaa:
    Baala babal’aa-
    1 Qarqara sirrii(straight edge)
    Veeyinii sirrii
    Veeyinii tamsa’aa
    2 Qarqara golboo
    Veeyinii sirrii
    3 Veeyinii tamsa’aav
    -Baala limoo fakkatan (pine needle leaves)
    4 Furdaa
    Qarqara marsaa (round tip)
    Qarqara qaraa (pointed edge)
    5 Qal’aa
    Qarqara marsaa (rounded tip)
    Qarqara qaraa (pointed edge)
    • Qoodama PH wantootaa
    • Qoodamawantoota
    8.2.3.Qunnamtii Gochuu(Communication)
    Qunnamtii gochuu(Communication)adeemsa karaa hundaa akka namni tokko yaada ofii hubachuu danda’u gochuudha.Kunanis jechaan(dubbiin) ykn amaloota jecha hintaane kaneen akka sochii qaamaa,barreeffamaan, fakkii kaasuun, seena himuu fi kkf ta’uu danda’a. Daree keessatti daa’imman yaada isaanii garee xiqqoon,garee guddaan,ykn nama lamaa gidduutti ibsachuu dada’u. Daa’imman yaada gaaffii waa’ee wanta isaan hinbeeknee gaafachuun yaada isaaanii akka ibsatan taasisuun ni danda’ama.Kan isaan yaada isaanii ibsachuu danda’anis kara armaan gadiin ta’uu da’a: -ibsa afaanii -fakkii kaasuun
    -chaartii
    -giraafii
    -poosterii
    -Ibsabarreeffaamaa
    8.2.4. Safaruu (Measuring)
    Waan safaramu tokko uunitii beekamaa ta’een walbira qabuun ibsuun safara jedhama. Barattootni wanta naannoo isaaniitti daawwatan sirriitti ibsuu kan danda’an ogummaa safaraa gaarii yoo qabaatanidha.Sdarkaa manabarumsaa sadarkaa 1ffaattii amaloota wantoota saayinsii keessatti safarman shantu jiru. Isaanis: dheerina,qabiyyee,hanga,teempireechara fi yeroodha. Fakkeennya wanta nuti yeroo hundaa miira qaama irratti hinhundoofnee. Sararootni armaan gadii lamaan walqixa?

Fakkeenya biroo:

  1. Burcuqqoo lama fudhadhu. Isatokko keessa bishaan ho’aa (A) yammuu naqtu isa lammaffaatti bishaan qorraa (B) itti naqii.
  2. Daa’imma harka isaa isa mirgaa burcuqqoo “A” keessa akka kaa’u godhi; harka isaa isa bitaa ammoo burcuqqoo isa qorraa “B” keessa akka kaa’u taasisi. Daa’imma harka isaa lamaan akka burcuqqoo bishaan teempireechara beekamaa keessa akka kaa’u taasis.Hraka isakamtu akka baay’ee qorre gaafadhu. Daa’imman yeroo hundaa miira qaamaa irratti hundaa’uu irra safaruun barbaachisaadha.
    8.2.5. Raaguu/Tilmaama garafuulduraa
    Raaguun /Tilmaama garafuulduraa/ jechuun tilmaama baay’ee gaarii nam tokko kana booda maaltu ta’uu akka danda’u himuu danda’uudha
    Fkn: -osoon wanta tokko godhe maaltu dhufuu danda’a?
    -aduun sa’aa meeqqatti akka baatuu fi seentu tilmaamuu

Tilmaama wantoota bishaanii liqimfamanii fi hinliqimfamne(float) gabateedhaan:
Wanta Tilmaama Yaalii
liqimfama hinliqimfamu liqimfama hinliqimfamu
—- —— ——– ——– ———-
—— ——- ——— ——– ——–
8.2.6 Inferensii
Inferensiin tilmaama baay’ee gaarii nam tokko maaliif waan tokko akka raawwte ibsudha. Yaadni kun tilmaama garafuulduraatti maal akka ta’uu danda’u waliin walqabata. Tilmaamnkeenya raga saayinsii foreensikii irraa argamu irratti hundaa’uu qaba.Shakkamtoota irratti murtiin badii kan murtaa’u raga inferensii irraattidha.Ragaan ni dhiyaata,sababni raga sanaa raga walittqabme irraa inferii ta’a.Sababeessuun inferenshiyaalii bu’uura hubannoo saayinsaawaa hundaati.Gochaawwan saayinsaawaa keessatti yeroo baay’ee wantoota raawwatan hundumaa kallattiin arguun hindanda’amu.
Yaalii inferenshiyaalii irratti hundaa’e
Barsiisaan hudduu shaamaa dhooqa saahamaa bishaaniin guutame hapheen qabsiisa. Shaamaa ibiddatti qabsiisa.Teestituubii afaan isaa gadi galagale Shaamaa boba’aa jiru hamma afaan isaa bishaan keessa seenutti gombisi. Shaamaan boba’aa jiru ni dhaama.Hojjaan bishaanii saahanaa keessa jiru nidabala. Daa’imman maaliif wan kun akka ta’e haa ibsani. Shaamaan dhaamuu isa argineerra. Garuu maaliif akka ta’e hin beeknu.
Olka’insi bishaanii sahanaa keessaas argineerra. Inferensiin yaalii kana irraa daa’imman taasisuu danda’an sababni Shaamaan dhaameef sababa oksijiniin dhumee yammuu ta’u sababni olka’insa bishaanii dabaleef immoo bakka qillensi oksijinii shaamaan boba’e fixeeti.
Fkn-gochaawwan Inferiinsii irratti hudaa’anii:
-Amaloota wantoota hinbeekamnee (shukkaara,ashaboo) inferii gochuu.
-Sababa lolaa biyyee naannoo mana barumsaa inferii gochuu.
8.2.7. Vaariyaabiloota Addaan Baafachuu fi To’achuu
Gaaffii Saayinsaawaa keessatti,qorannoo gaggeeffamu maaliif wanti tokko akka ta’uu fi dhiibbaa vaariyaabiliin tokko isatokko irratti qabu addaan baasuufi.Sababa taatee tokkoo addaan baasuuf vaariyaabilii isa qorannoo irratti gaggeeffamuun ala haala dhaabbataa (constant) iratti eeguun dirqam .Daa’imman vaariyaabililoota qorannoo addaan baasuu fi to’achuuf hindirqamani. Garuu wanta hundaa qaamaan ilaaluun akka hindandeenye hubachuu qabu.Fkn- vaariyaabililoota kan akka ashaangulliitiin irraangadee inkilaaayindi pileenii ykn boordii dafee ykn suuta deemuu godhu addaan basii to’dhu; kanneen armaan gadii yaada keeessa galcchi:
-hojjaa boordi
-irra bordii (surface)
Vaariyaabilii ariitii ashaangulliitii boordii irraa yammuu addaan baasuuf deemnu, vaariyaabilii tokko qofaa jijjiiruun isakaan akka hinjijjiiramne taasisna.
8.2.8. Ta’innaa (furmaata yeroo) Uumuu fi Qoruu
Ta’innaan hima baay’ee filatamaa walittidhufeenya vaariyaabililoota lama gidduu jiru kan ibsudha. Raaguu keessatti namni tokkko osoo waantokko hojjete maal akka ta’u of gaafataa.Fkn osoon asiidii veengaarii biyyee laayimstoonii irra buuse maaltu ta’a? Askeessatti vaariyaabilii tokko qofaatu jira. Ta’innaa keessatti garuu vaariyaabililoota walittidhufeenya qaban keessati isa tokko osoo jijjiirre isabiroo irratti dhiibbaa maalii qabaa? Biqilotoni osoo sirba dhaggeeffatan ariitiin guddina isaanii maal ta’a?(ariitii guddinaa fi sirbaa)
Fkn-walittidhufeenya olka’insaa boordii fi ariitii sochii ashaangulliitii inkilaaayindi pileenii murteessuuf:

Lakk.gabaatee ________________
Olka’insa Gabatee daataa
Yeroo————
————– Yaalii 1ffaa
Yaalii 2ffaa
Yaalii 3ffaa
Avireejjii———
———— Yaalii 1ffaa
Yaalii 2ffaa
Yaalii 3ffaa
Avireejjii———
—————- Yaalii 1ffaa
Yaalii 2ffaa
Yaalii 3ffaa
Avireejjii———

Meeshaa hojii qopheessuu fi daataa sassabuun ta’innaa qoruu jedhama.Adeemsa ta’innaa qoruu keessatti vaariyaabililoota hundaa addaan baafachuu keenya, vaariyaabilii qorannaan irratti taasifamuun ala warreen biroo to’achuu keenyaa fi odeeffannoo barbaadamu sassaabbachuu keenya qulqulleeffachuu qabna.
8.2.9. Daataa xiinxaluu
Karaa daataan akkaataa hiikaaf salphatutti qindeessinu keessaa bifa ilaalmuu danda’uun (chaartii fi giraafii, histoogiraamii) ta’uu qaba.Ijoolleen akka isaan giraafii kaasan jajjbeessuudha.
8.2.10. .Hiikkaa Oppireeshinaalii
Jechoota garaa garaagaraa akkataa galma isaaniitti hiikkaa barbaaduu fi hiika hima sana keessatti qabu kennuudha.karaa biraatiin ammo wanta tokko haala itti safarri kallattiin osoo hinta’iin alkallattiidhaan murteessinudha. Fkn-hammi nuukilasii atoomii hamma reedii reediyoo aktiivii karaa isaa irraa jallatee iskiriinii filooresensii ibsu irraa inferii gochuu danda’ama.
8.2.11 Yaalii gaggeessuu
Yaaliin adeemsa saayinsaawaa karaa adeemsa hundaa walitti fidudha.Karoorri yaalii tokko adeemsa ykn piroosijarii kanneen armaan gadii ofkeessatti qabata:
• haala daawwii barbaadamu
• daataa sassaabamuu qabu.
• Akktaa itti yalliinsun itti hojjetamu
• Akkaataa itti daataan xiinxalamu
• Yaada waliigalaa keennu.
Daataan yammuu yaaliin gaggeeffamu kan argamudha.Fooyyessuun barbaachisaadha,kun immoo karoora fooyya’ee ta’a. Erga yaaliin gaggeeffamee fi daataan sassaabamee booda xinxxalliin bu’aa gaaffii ykn ta’innaa duraa iratti hundaa’e gaggeeffama.Yaadni gudunfaan taasifame bu’aan isaa daree fi ykn hiriyyaaf ykn namoota dhuunfaa biroof ni ibsama. Knaafuu yaada waljijjiiruun kan daa’immanii kan waa’ee gudunfaa yaalii fi sababa isaa kun dhaabbatni saayinsii kamiyyuu barbaadudha.
8.2.12. Moodelii Uumuu
Moodeliin bakka bu’aa wanta qabatamaa ykn haalawwan nuti ammatti arguu hindandeenyeeti.
Fkn- Moodelii caasaa atoomii

  • Moodelii Kutaa irra-jala (cross section) lafaa
  • Moodelii dambalii sagalee. Moodelootni kan qophaa’an akka nuti wanta hinargamne arguu dandeenyuuf. Moodeliin awurooppilaanii fi doonii kan qophaa’an guddina isaanii akkataa xiqqaatuuf wanta nuti kanaan dura arginuuti. Moodeliin sirna soolaarii qophaa’ee jira. Ammallee daa’imman akka isaan moodelii kana hojjetan kakaasuun barbaachisaadha.
    Moodeliin kun yammuu hojjetamu ofeeggannoon fudhatamuu qaban:
    -diyaameetriin biiftuu kan lafaa al 108 ta’a
    -fageenyi pilaaneetii beekamuu qaba.

Boqonnaa Sagal

  1. Amaloota Gaaffilee Saayinsii Amaloota Murteesson Gaaffilee Saayinsii Daree Barnootaa keessatti
    Æ Gaafilee Saayinsaawaatti gargaaramuun barattoota barnoota keessa seensiisuu (Learners are engaged by scientifically oriented questions)
    Æ Ragaadhaaf xiyyeeffanna kennuu/Give priority to evidence
    Æ Gaaffilee saaynsaatiif ibsa kennuu danda’u.
    Æ Ibsa kenname madaaluu
    Æ Ibsa kenname gabaasa gochuu
    Gaaffilee gargaaramuun barattoota barnoota keessa seensiisuu (Engagment) : Adeemsa baruu
    barsiisuu keessatti jalqaba irratti gaaffilee sammuu kakaastuu kannen akka maaliif, akkamitti maal
    kan jedhamanu fayyadamuun barattoota barnoota keessa seenssisuu qabna. Gaaffileen kun beekumsa
    duraan barattooni qabanu (prerequisite knowledge) buureffatee ta’u danda’a.
    Ragaadhaaf xiyyeeffannaa kennuu ( Explore ):- Barattoonni gaaffilee ka’aniif deebii kennanuuf
    ragaa barbaaduu qabu.
    Gaaffilee saaynsaatiif ibsa kennuu danda’u (Explanations ):- Gaaffilee saayinsaawaa
    ka’aniif ibsa ragaafi sababa irratti bu’uureffate kennuu dnda’u. Ibsa ragaa fi sababa irratti hundaa’e
    kennuuf adeemsa saayinsaawaa/mala saayinsaawaa hordofuu barbaachisa.
    Adeemsi Saayinsaawa:-
    Æ Daawwannaa gaggeessuun gaaffilee saaynsaawaa burqisiisuu
    Æ Rakkoo adda baasuu
    Æ Tarii ta’innaa/hypothesis uumuu
    Æ Yaalii gaggeessuu
    Æ Gabaasuu

Ibsa Kenname Namoota biroof akka ifa ta’u bablisuu/Elaborate : Namootni biroo waan hojjetame akka hubatanuuf gara yaada hiddamatti/yaada walii galatti jijjiruu
Madaallii Gaggeessuu: Adeemsa keessa darbamee, bu’aa argamee fi waan fooyya’u qabu adda baasuuf madaallin gaggeeffama.
Gaabaasuu:- Argannoo argame namoota boroof dabarsuudha.Amalootni armaan olitti tarreeffaman isaa afaan ingiliffaatin 5E jedhamanuudha.

  Engagment 
                              Explore

5E Explantions
Elaborative
Evaluation jedhamanuudha

Boqonnaa kudhan
Kaayyoo boqonnaa:
Dhuma boqonnaa kana irratti kaadhimamtootni barsssiisotaa:
 Garaagarummaa moodeloot dhugaa saayinsaawaa garagaraa jidduu jiru ni hubatu
 Bu’aa moodeloota dhugaa saayinsaawaa fayyadamuu barsiisuu irraa argamu ni qayyabatu.
Models of scientific Inquiry(Moodela dhugaa saayinsaawaa)
Moodelli saayinsaawaa tuuta yaadaa adeemsa uumamaa ibsuudha.
l. Moodela Kilaasicaalaa
Moodellii kilaasicaalaa kun kan dhufe Aristootii,nama wantoota tilaamuufi sirrii sababee danda’e irraa.
Mala indaaktiivii :-Mala wanta qabatamaa irraa gara qabatamaa hinta’iiniitti, gooree irraa gara goorootti,salphaa irraa gara walxaxaatti, Yaad murtaawaa irraa gara yaada dimshaashawaa kan deemuu fi seera waliigalaa barsiisuuf kan gargaarudha. Malli kun saayinsii barsiisuuf mijataadha. Sababnisaa piriinsiipilootni ykn yaadni gudunfaa saayinsii baay’een isaanii bu’aa indaakshiniiti.
Fkn-Waraqaa cuquliisa litimasii teetituubii asiidii qabu keessa cuuphiitii jijjiirama halluu hubadhu. Waraqaan cuquliisa litimasii gara halluu diimaatti jijjiirama.Gocha kana asiidota biroo irrattis yaalii(loomii). Ammas jijjiirama halluu hubadhu (Waraqaan cuquliisa litimasii gara halluu diimaatti jijjiirama).Yaalii armaan olii irraa yaada dimshaashessuu asiidiin Waraqaa cuquliisa litimasii gara halluu diimaatti jijjiira jedhu irra gahuun ni danda’ama.

I. Mala Didaaktiivii/ Deductive reasoning
Mala Didaaktiivii/ Deductive reasoning faallaa mala indaaktiiviiti.
Barattootni yaada waliigalaa irraa gara yaada murtawaatti, wanta qabatamaa irraa gara wanta qabatamaa hintaaneetti,Yaada gooroo irra gara gooreetti, walxaxaa irraa gara salphaatti adeemsa barattootni ittiin baratanidha.Mala kana keessattti barattootni wantoota dhugaa ta’an xiinxalanii fudhachuun foormulaa barreessu ykn yaaliiwwan gaggeessuun itti fayyadamu.
Mala kana keessatti barsiisaan yammuu barsiisuu mata duree guyyaa barattoota wajjin wal barsiisuun foormulaa, seera, Priinsiipiloota,fi kkf barbaachisoo ta’an kennaf.Seerota ykn foormulaa kana ibsuuf fakkeenyota murtaawoo ta’an fudhachuun ibsa.Ibsa kana irraa barattootni yaadota waa’ee seeraa, foormulaa, Priinsiipiloota fi kkf irratti Hubannoo argatu.
Fkn
• foormulaa herregaa
• Wanti lubuu qabu hunduu ni du’a, namni lubbuu qaba; kanaafuu namni ni du’a
• Yaaliin akka agrsiisu akka agarsiisutti, asiidotni hundi Waraqaa litimasii cuquliisa gara diimaatti jijjiiruu. Kana irraa ka’uun H2so4 Waraqaa litimasii cuquliisa gara diimaatti jijjiira fi kkf.

Boqonnaa 11
Kaayyoo Boqonnaa:
Dhuma boqonnaa kana irratti kaadhimamtootni barsssiisotaa:
 Maalummaa dhugaa saayinsii haala qabatama naannoo wajjiin walqabsiisuu ni hubatu
 Garaagarummaa dhugaa saayinsaawaa fi saayinsii jidduu jiru addaan ni baafatu.
 Bu’aa saayinsii barachuu irraa dhufuu danda’u ni tilaamu.
11.1 Dhugaa saayinsaawaa fi Saayinsii Barsiisuu.
Barnoota saayinsii lammiilee biyyaattii hunda barsiisuufi hubannoo saayinsii irratti mul’atu xiyyeeffannaa itti kennamuu qaba. Beekumsi saayinsii karaa hedduun addaan baafachuu ni danda’ama,garuu haala waliigalaatiin dubbisuufi hubannachuu miidiyaa saayinsiifi dhimmoota saayinsawaa isaan ijoodha.
dabalataan beekumsi saayinsiiwaa rakkoo dhimmoota hawaasummaa saayinsawaa ta’an akkasumas lammiilee hundi tekinooloojii hammaayyaawaatti haala dimookraatawa ta’een akka fayyadaman taasisa.
Adeemsa baruu barsiisuu keessatti saayinsii akka qaama ijootti irratti xiyyeeffatamuu qaba.
Bal’atee yoo ilaallamu guddinni barumsa saayinsaawaa Pirsippiloota sada hammata:-Isaanis
a. Beekumsa Saayinsaawaa:-Haqa(Facts),seera(Law),yaada hiddamaa(theory)fi yaada rime (Concept) qajeelfama saayinsii wajjiin kan walqabateedha. Ragaa irraa kan hundaa’eedha.Yeroodhaa gara yerootti jijjiiramuu ni danda’a.
b. Saayinsii:-adeemsa garagaraa saayintistoonni beekumsa saayinsawaa burqisiisuuf itti fayyadaman hammata.Inni kan irratti xiyyeeffatu:-daawwii,raagaa,safaruufi yaaludha.
c. Amala saayinsii.-isaan kawwaan caalaa walxaxaafi beekamaadha.Amalli saanyinsii kun beekumsa saayinsaa haalaan barsiisuu ni danda’a.
Gaaffii:- 1.Dhugaa saayisaawaa maal?Maaliif Barsiifama?
Qaajeelfamni saayinsii kan gochaan walqabate ta’uu qaba.Qajeelfamni saayinsaawaa kan barataa jiddu galeeffate yoo ta’e barataan carraa keessatti hirmaachuu qaba.Akkasumas,carraa daataa qaaccessuus ni argata.Kayyoon barannoo barnoota gocha irratti xiyyeeffate qopheessuu keessattii iddoo guddaa qaba.Gochoonnii qophaa’an gaaffilee qorannoofi carraa waa xinxaluu kan banan ta’uu qabu.
Ulaagaalee madaallii gochaaleen qophaa’an kan barataa hiraachisuu moo hin hirmaachifnee ittii addaan baafaman:-
i. Gochi gaaffilee qorannoo hammateeraa?
ii. Barattoon gaaffilee qorannoo deebisuufi carraa daataa qaacceessuu argatanii jiruu? Kana hammate ta’utu irra jiraata.
Gaaffii:-Saayinsii maal?
Hiikkaa saayisii irratti hayyoota adda addaa jiddutti wal falmii guddatuu jira. Akka waliigalaattii hiikkaa ijoon saayinsii kenname keessaa muraasni:-
1) Beekumsi saayinsawaa daawwaannaafi yaalii (Empirically based) bu’uura kan godhateedha.
“Empirical” adunyaa uumama daawwachuu kan geggeeffamuudh yoo ta’u ,yaanni saayinsawaa gariin isaa yaada hiddamaafi loojikiifi sababeessuu irraa kan bocameedha.
2) Beekumsi saayinsaawaa irrekataafi jijjiiramuu kan danda’uudha.Beekumsi saayinsawaa dhaabbataamiti,kan jijjiiramuufi keessa deebi’amuu danda’uudha.
Fkn.Yaadonni saayinsaawaa hedduun osoo hin jijjiiramni yeroo dheeraa kan turan yoo beekumsi saayinsaawaa garuu yeroo muraasa keessatti ragaa haarawafi yaada haarawaan geeddaramuu ni danda’a.
3) Beekumsi saayinsaawaa bu’aa daawwannaafi sababeessuuti. Beekumsi saayinsaawaa kan dagaagige bu’uu walitti dufeenya daawwannaafi sababeessuuti.Dawwaannaan qaamota miiraa fayyadamuun odeeffannoo walitti qabuufi teknoolojitti fayyadamuun qindeessuudha.Sababeessuun hiikaa loogicaalaa daawwaannaafi beekumsa duraa irraa kan ijaarameedha.Ida’amni isaan lamaan bu’uura yaada saayinsawaa ta’u.Fkn faageenya urjii hawaa keessaa qo’achuu.
4) Beekumsi saayinsaawaa bu’aa gad fageenyaa yaada burqisiisuuti.
5) Saayintistoonni beekums saayinsii dagaagisuuf tooftaalee hedduttu fayyadamu
Gaaffii:Saayinsii maaliif barsiifama? Why Teach Science?
Qorattoonniifi beektonni hedduu barbaachisummaa amala saayinsii barsiisuu hedduu dubatanii jiru.Saayinsii barsiisuun cimnaafi hanqinaalee beekumsa saayinsaawaa akka addaan baafatan,ilaalcha beekumsi saayinsii isaan biroo irraa adda akka gabbiifatanuufi barattoonnii gaaffilee saayinsii deebsuufi deebisuu hin dandeenyellee akka ibsan isaan gargaara.Dabalataan,saayinsii barsiisuun qabiyyee beekumsaafi bu’uu gaarii akka galeessuu dana’an barattoota akka taasisu qorannoo tokko tokko ni ibsa.

Kataabilee Wabii
Evolution and the Nature of Science Institutes. http://www.indiana.edu/~ensiweb/
Understanding Science: How science really works

  1. What are the scientific attitudes? https://ph.answers.yahoo.com/question/index?qid=20100620004154AALqDUC
  2. THE BUTTERFLY PROJECT
    http://www.teacherlink.org/content/science/class_examples/Bflypages/nos.htm
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.