Handwriting Skill – MT 101

DANDEETTII  BARREESSUU HARKAA AFAAN OROMOO

Ibsa koorsichaa

Xiyyeeffannoon koorsii kanaa seenaa barreessuu waliigalaa beeksisuu, adeemsa barreessuu bu’uuraa, adeemsa qubannaa (roga ) qubeewwanii,   qubeewwanfi jechoota toora  isaanii eeguun barreessuufi gabatee gurraacharratti barreessuu fi shaakala walbarsiisuu gabaasaaf calaqqee irratti kan hundaa’uta’a.

Kaayyoon Koorsichaa: xumura koorsii kanaatti barattoonni:

  • Dandeettii barreessuu bu’uuraa ni gabbifatu
  • Haala salphaa fi ariitiin ni barreessu
  • Qabannaa qalamaafi akkaataa barruuleerratti barreessan ni fooyyeffatu
  • Qajeelfama barreessuu hordofuun akkaataa qubeewwan ittiin bocaman ni fooyyeffatu.

Seensa

BARREEFFAMA HARKAA

  1.  Maalummaa Barreeffama Harkaa

Barreeffamni harkaa namaa namatti adda addadha. Akkuma dhalli namaa bareedee miidhagee mullachuuf jecha akkaataa uffanna yookaan akkaataa dibannaa adda addaa fayyadamu, akkuma akkaataa dubbannaa ofiisaa qabu barreeffama harkaas kan ofiisaatii qaba. Kanaaf, barreeffamni harkaa kan dhuunfaati jedhama. Akkuma fuulli keenya adda adda ta’e barreeffamni harkaa keenyas wal hinfakkaatu

Barreeffamni harkaa akkuma dubbanna kan ittiin afaan ibsinuudha. Haata;uyyuu malee garuu, akkuma kaa’ametti turuun kan umurii dheeraa qabudha. Namoonni tokko tokko “afaan harkaan” (Language by Hand)  jechuu waamu. Yaada ,fedhii ,hawwii … keenya ibsauun namoota kan biro waliin kan ittiin walii galluudha.

Boca kaa’uufi mallattoo fayyadamuun amala dhalli namaa durii kaasee shaakalaa dhufeedha. Mallatoolee adda addaatti fayyadamuu waan itti dhagaa’ame fi keessa isaa jiru ibsachaa deemuun amala namaa kan inni yeroo holqa keessa turee gabbifachaa sadarkaa har’aa irraan ga’ateedha. Haat’au iyyuu malee, mallattoolee barreeffamaa gosa garaagaraa uummatee itti fayyadamuun  kun akka ‘deemuu’ yookaan ‘utaaluu’ faa uumamaan kan kennameef miti. Akkaataa itti barreeffamu utuu hin baratin barreessuun hin dandaa’amu. Gosoota barreeffama hundaa keessattii mallattooleen barreeffamaa sochii yaadaan uumamanii fi wlitti dhufeenya yaadaa fi sochii waraqaarra kaa’uun waliigaltee uummata baratee ta’e.

Barreeffama harkaa sirriitti dhuunfachuun dandeettii gahaa itti qabaachuu adeemsa baayyee ulfaataa fi walxaxaadha. Sababni isaas, linguisti, cognitive, perceptual, and motor components walitti qabatee kan deemu waan ta’eefidha. Haata’uyyuu malee, namoonni baayyeen, xinnaas tau guddaan, barreessuun cimaa waan ta’eef deggers ( gargaarsa ) malee dhuunfachuun hin dandaa’amu jechuun kaa’u. kanneen beekumsa ga’aa irrtti qabaniifi muuxannoo qaban irraa deggersaa fi tumsa gahaa argachuun faayida qabeessa akka ta’e eeru.

  1.  Barbaachisummaa Barreeffama Harkaa

Barreeffamni harkaa dhimmoota nuti oolmaa keenya guyyaa guyyaa keessatti raawwannu keessaa isa tokkodha. Dhimmoota hojii idilee keenyaanis ta’e dhimmoota dhuunfaatti ofii keenyaaf raawwatannu hundaa ittiin barreeffachaa oolla waan ta’eef. Barreeffama dhuunfaa keenyaa walitti agarsiifachuun dorgommii keessa illee seenuun dandeenya.

Barreeffamni seenaa dheeraa qaba. Holqa keessatti mallattoolee fi sararoota adda addaa dhagaarraa kaa’uurraan eegale. Kanarraa ka’uun walitti makamuun hiika keennaa sadarkaa walxaxaa har’a irra jirurra ga’uu danda’e. Akkuma barreeffama amma itti fayyadamaa jirruu kanaa, bociifii mallattooleen duriis ergaa dabarsaa turaniiru odeeffannoonis ittiin kuufamaa tureera.

Yeroo ammaa kanaa qaroominni (teekinooloojii) haaraan uumamuudhaan adeemsi barreeffamaan walii gala deemuu gar-malee faayya’aa jira.  Kompiitaratti fayyadamuun barrssuun baballachaa haadhufuyyuu malee, barbaachisummaa barreeffama harkaa laaffisuu hin dandeenye. Sababni isaas barreeffamni haraa barnoota keessatti, waajjira keessatti hojjennuufi oolmaa keeya guyyaa keessatti dhimmoota dhuunfaa keenyaaf hedduu fayyadamaa jirra waan ta’eef.

Barreeffamni harkaa yeroo gahaan itti kennamuun adeemsa baruufi barsiisuu keessatti kennamuu qaba. Adeemsa barachuu barattootaarraan dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Iyyaafannoo walitti fufaan barattootaaf kennamu bareerffama harkaan kan wal qabatu yoo ta’e , hojiin barreeffamaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramu yoo kennameef kan sirriitti dubbifamu ta’uu yoo hafe deebii sirrii yoo kaa’an iyyu qabxii gaarii argachuurratti dhiibbaa irraan gahuu danda’a. Barreeffama harkaa sirriitti dubbifamu ariitiin barreessuu dadhabnaan carraan barachuu barattootaa gadi bu’aa ta’uun dandeettii yaraa akka qabaatan gochuu danda’a.

Kanaaf, barreeffamni harkaa qalamaafi waraqaan deggeramu sadarkaa oolmaa daa’imummaa irraa eegalee hammaa sadarkaa isa olaanaatti baayyee barbaachisaadha.

  1. Ulfaatina Barreeffama Harkaa

Barreeffamni harkaa adeemsa wal-xaxaa keessa kan darbu waan ta’eef dandeettii ulfaataadha. Kanaaf, dhuunfachuudhaaf barattootatti ni ulfaata. Kun immoo fedhii barataan barnootaaf qabu gadibuusa. Barsiisaanis ta’e maatiin barataa yeroo barataan isaanii xiphatu ilaaluun ni aaru nuffu jaalalli isaan qabaniifis gadi bu’a. Ulfaatinni barreeffama  harkaa namaa namatti garaagara, haala tkoonis hin uumaman. Ka’umsai ulfaatina barreeffama harkaa kunis umurii barataa yookaan muuxannoo qaburraa ka’uu danda’a.

Waa’een ulfaatina barreeffama harkaa yeroo dubbatamu gaaffileen ka’uu qaban hedduun ni jiru.

  1. Barataan barnoota isaa yeroo jalqabu kallattiidhumaan qabiyyee barnootaa barachuutti seene moo waa’ee barreeffama harkaa barateera?
  2. Barreeffamni harkaa manneen barnootaa keessatti qooda qabuu?
  3. Xiyyeeffannoon barnoota harkaa karaa barsiisaa, maatii fi baratichaa waltumsaa deggeramaa kan deemuudhaa?
  4. Barreeffama harkaa keessatti dhimmooti gadi fageenyaan ilaalamuu qaban maal fa’i?
  5. Dubbifamuu danda’uu fi dubbifamuu dhabuu
  6. Haqaaf laaqaa dhabuu
  7. Fedha guutuu qabaachuun barreessuu
  8. Qalama waraqaarratti humnaan gadi qabuun barreessuu
  9. Ariitii (Suuta dagoggora malee, ariitiin hanqina hedduu waliin)
  10. Kaka’umsa ( Itti gammaduu)

Gaaffilee olitti ka’an kanaaf deebii kennuu yaaluun rakoolee barreeffama harkaa keessatti mudachuu danda’an xiqqeessuufi fedhii irratti qabaachuu keessatti iddoo guddaa qaba.

Ulfaatina Barreeffama harkaa haala kamiin hordofuun danda’ama?

  1. Sadarkaa fi umurii barataan sun irra jiruufi barreeffama inni/isheen barreessee/ barreessite wal bira qabuu ilaaluu. Barreeffama hiriyyootaa waliin madaaluu
  2. Barreeffama isaaniifi waan isaan barreessan ilaaluu, irraa siquunis hordofuu
  3. Garee isaan waliin hojjetan hordofaa deemuu

Hordoffii barreeffama harkaa barattootaa

1.Naannoo manaatti

a. maal akka isaan barreessan hordofaa deemuu

b .yaad-qalbiin isaaniifi waan isaan harkaan hojjetan walsimuu isaa hordofuu (Fkn mana fi nama, soddaa fi soda …)

c.barreeffama harkaaf haala mijataan guutamuufi (fkn. Naannoo teessumaa,waan  irra taa’an, hojjaan isaanii fi teessumni isaanii wal gituu , ciisuun barreessuu yaaluu, sireerra taa’uun ykn ciisuun barreessuu isaanii TV bira taa’uun barreessuu…)

  • Meeshaalee barreeffamaa umurii fi dandeettii isaanii waliin deemutti fayyadamuu isaanii (koppii baayyee qara ykn doomaa hintaane, qalama hin ulfaanne …)
  • Barreeffama harkaa isaa ilaalchisee maal akka itti dhagaa’amu waliin haasa’uu (nixiphisaa, itti cimaa, ofeeggannoon hojjetaa …)
  • Mana Barumsaa
  • Mana barumsaatti barreeffamni harkaa nibarsiifamaa?
  • Hammam barsiifama?( daqiiqaa meeqa, weeyitii meeqa, torbanitti si’a meeqa … ?)
  • Tooftaa attamii akka fayyadaman
  • Manni barumsaa fi maatiin haala kamiin wal tumsanii barreeffama harkaa barataa fooyyesuun dandaa’ama?

Shaakala

Gaaffilee armaan gadiirratti mari’adha.

  1. Barataan barreeffamni harkaa utuu itti hin cimin barreessu jiraa?
  2. Barreeffama harkaa fooyyeffachuun nidandaa’amaa?
  3.  Ka’umsi ulfaatina barreeffama harkaa barsiisaan mana barusaatti barsiifamuu dhabuudhaa. Yaadi kun dhugaadha moo soba? Maaliif?
  4. Harka bitaan barreessuun wantoota barreeffamni harkaa akka ciman taasisaan keessaa isa tokkodha. Yaadi kun dhugaadha moo soba? Maaliif?
  5. Barreeffamni harkaa barattoota shamarran moo dhiiratti irra caalaa cimaa? Maaliif?
  6. Barreeffama harkaa fooyyeffachuu keessatti qabannaan qalamaa dhiibbaa qabaa?

1.4. Sagaleewwan Dubbii Afaan Oromoo

Kaayyoon boqonnaa kanaa: xumura boqonnaa kanaatti barattoonni:

  • Sagalwwaan dubbii Afaan Oromoo addaan ni baafatu
  • Sagleewwan dubbii Afaan Oromoo sagaleessuu fi tokkoon tokkoon isaanii ni  waamuu

Akkaataa qabannaa qalamaafi barruulee seeraan itti agarsiisuu

Qubeewwan barreessuu shaakaluun dura akkaataa sararaawwan bifa adda addaa itti barreessan hubachuun gaarii ta’a ( harka ittiin qajeelfachuuf isaan gargaara waan ta’eef.

  •   —   —    —     —    —     —     —     —    —      —       —

│       │     │     │     │     │     │     │     │     │     │     │     │    │

└       └    └    └    └    └    └     └    └    └     └    └    └    └    └                                      ┘        ┘    ┘    ┘    ┘    ┘     ┘     ┘     ┘    ┘    ┘    ┘    ┘    ┘    ┘    ┘    ┘

\        \    \    \    \    \    \    \    \     \     \     \     \     \    \    \

/        /   /   /   /   /   /  /   /   /   /    /    /     /     /     /     /    /    /   /      /    /

 Ⱶ       Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ    Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ     Ⱶ

X        X       X        X         X         X          X         X      X      X      X     X    X   X

C        C   C     C      C      C     C      C      C    C     C    C      C      C     C     C     C

 Ↄ       Ↄ    Ↄ     Ↄ     Ↄ     Ↄ    Ↄ     Ↄ      Ↄ     Ↄ     Ↄ     Ↄ    Ↄ      Ↄ     Ↄ     Ↄ    Ↄ   Ↄ

 (        (     (      (      (       (       (        (        (        (       (         (     (     (    (     (

)          )        )       )      )      )       )       )        )        )       )         )       )     )       )

U        U         U       U         U        U        U           U    U  U        U       U    U

n        n      n      n       n       n       n        n      n       n        n       n       n   n    n

⃝      ⃝      ⃝     ⃝      ⃝       ⃝      ⃝       ⃝          ⃝  ⃝       ⃝          ⃝

Qubeen afaan Oromo bakka sadiitti hiramee ilaalamu danda’a.

a. Qubee dubbachiiftuu

Qube dubbachiiftuu kan jedhaman:

A, E, I, O, U (qubee gurguddaa) 
a, e, i, o, u     (qubee xixiqqaa)

b. Qubee dubbifamaa

Qube dubbifamtuun, quboota dubbachiftuu hin taane hundumaa dha.
Fkf:
B C D F …….

c. Qubee  cimdii (dachaa)

Fkn: ch, dh, ny, ph, sh ts

Sagaleewwan dubbii dubbachiiftuuwwanii dhaggeeffachuun seeraan sagaleessuu, gabatee gurraacharra yookaan filaash kaardiirraa adda baasuun sagaleessuu.

Faaruu sagaleewwan dubbii uumuu yaaluu fi shaakaluu.

Filaash kaardiirratti barreessuun tokkoon tokkoon isaanii akka shaakalan kakaasuu.

Filaash kaardii wal keessa fuudhuudhaan (walkeessa makuudhaan) adda baasanii hubachuu isaanii mirkaneeffachuu (dhuunfaan, gareen, daree guutuun akka shaakalan gochuum)

Assessement

BOQONNAA LAMA: BOCA QUBEEWWANII

Kaayyoon boqonnaa kanaa:   Xumura boqonnaa Kanaatti barattoonni:

  • Qubeewwan bu’uuraa bocuuf  funyoo,  muka , dhoqqee, hoffaa … fayyadamuu
  • qubeewwan bu’uuraa Afaan Oromoo sirriitti bocuu            
  • Qubeewwan toora barreeffamaa barruulee oliif gad oolan addaan baasu
  • Akkaataa walfakkeenya isaaniin qubeewwan walfaana hiriiruu danda’an walitti funaanuun barreessu
  • Barreeffama qajeelaa fi sirrii barreessuuf walirraa fageenya ykn walitti siqeenya qubeef qubee, jechaaf jecha gidduu jiraachuu qabu addaan baasu

Qabiyyee boqonnaa kanaa

Mallattoo sirrii fayyadamuu

Qubee tokko barreessuuf eessaa jalqabanii eessa ga’anii akka xumuran addaan  baafatu, kallattii irra barreeffaman( olii gad, gadii ol , bitaa gara mirgaatti ,mirgaa gara bitaatti ta’uu) fi qubeen tokko sarara meeqarraa akka tolfamu addaan baasuu

Barsiisaan qubeewwan quba harkaan qilleensarra barreessuun agarsiisuu

Kallttii qubeewwan irra barreeffaman affaanii himuu

Funyoo, dhoqqee … fayyadamuun barraassuun agarsiisuu

Akkaataa qubeewwan itti bocamuu danda’an

Akkaataa sagaleeffamaniin

                         Hidhii  walitti buusuun   B  M  P

                          Roga hidhiin:      a   e   I   o   u  h w  y

Afaan keessa arrabni sochoosuun  bakka adda addaatti bu’uun:                                                                                                         

                        c d gj k l n  q  r s t  x  z

Akkaataa baruuleerratti ittiin barreeffamaniin

                            Sararaa ol           b  d   h  l   t

                            Sararaa gadi        f  g  j  p  q  y   z

                            Giddu galeessa    a  c  e k   m   n   o   r   s   u   v  w   x

Boqonnaa sadii

SHAAKALA BARREEFFAMAA

  1. Dabtara qubee kan ofiisaanii waraqaarraa akka qopheeffatan gochuun qubee yeroo baratan irratti barreeffachaa deemu
  2. Yeroo karaarra deeman, matiin ergaa ergan  qubeewwan jechaabdeemuu
  3. Faaruu qubeewwanii faarsaa deemuu
  4. Xapha qubeewwan ittiin yaadatan xaphachuu  Fkn  Qubee guddaa   A  qubee xiqqaa   a     waliin walitti firooms ….
  5. Xapha qubeewwanii 
  6.  meeshaalee daree barnootaa keessatti argaman keessaa barataan tokko qubee jalqabaa waama barattoota hafan keessaaabbaan meeshaa sana bare dafee maqaa dhaha
  7. Daree barnootaa keessaa ala ba’uun  wantoota dirree, boson, gabaa, kkf keessatti arganiin haaluma walfakkaatuun  itti fufuu danda’u.
  8. Fakkii maxxanfametti geessuun fakkii sana ilaaluun qubee maaliin akka inni jalqabu himuu.
  9. Xapha kan biraa

A      aduu

B      baaduu

C      cooma

D      daakuu

E      eelee

F      faalee

G     gaangee

H      harmee

.

.

.

  • Qubeewwan gurguddaa fi xixiqqaa baayyinaan waraqaarratti barreeffaman keessaa keessa deemuun kun maal?  Kunoo?… jechuun gaafachaa deemuu
  • Kan dhokate baasuu

Jechoota hedduu waraqaarratti barreessuun maranii gabatee keessa buusuun carraa barattootaaf kennuu. Abbaan carraan kennameef yeroo kaasuu dhufu utuu carraasa hin kaasin maal akka kaau himuu qaba. Yoo waanuma dubbate kaase nibadhaafama. Ykn kanneen barreeffamanii jiran keessaa qubee ____n kan jalqabu ni kaastaa? Jedhanii gaafachuun  shaakalchiisuu.

Kutaa 1-4 tti daree dhuunfaa waan ta’aniif barsiisaan tokko yeroodhaa gara yerootti hordofaa deemuudhaan jijjiirama barataa  huda irratti mullachaa deemu hordofaa deemuun nidandaa’ama.

 Kutaa 1ffaaKutaa 2ffaaKutaa 3ffaaKutaa 4ffaa
Snapshot-hamma hubannookoo nanbarreessa Namoota tilmaamsisuu danda’aOfiikoon nanbarreessa hiikas nikenna Jechoota nan ibsa yaada dabalataas nankenna-Barreeffamni koo hubatamuuf salphaadhahiikas niqabaata -walqabannaan barreeffamakootii ifaadha -dogoggora yartuun qofan uuma-barreeffama koo haala gaariin dubbisuun hubachuun nidandaa’ama -mata-duree tokko irratti yeroo dabarsuu nandanda’a -yaada haala gaariin maddisiisuu nan danda’a
Meaning-waa’ee mata duree tokkoo waan itti dhagaa’amu ni barreessu -yaada dabalataa ni kenna8waa’ee ofii kootii fi naannoo koo nan barreessa -waan natti dhagaa’ame nan barreessaa-waa’ee muuxanoo koo  nan barreessa -waan natti dhagaa’ame nan barreessa -ibsaafi fakkeenyas ittan keena-yaada dhuunfaa mataa koo akka natti dhagaa’ametti nan barreessa -muuxannoo, haawwii,fedhii,yaada deggersaa itti dabaluun nan barreessa
Style-hima fooyyee qabu nan barreessa –– akkan dubbadhutti nan barreessa -yaadolee nan ibsa – hima gabaabaafi dheeraa nan barreessa– jechoota human qabaniifi namatti tolan nan fayyadama -himoonni koo nama ni hawwatu– Jechoota namatti tolanitti nan fayyadama -Himoonni koo hundi guutuudha -Himoota gosa adda addaa nan fayyadama
Form-waanan daree keessatti baradhetti nan fayyadama -barreeffamni koo namaata kan biro ni hawwatu   

Boqonnaa  Lama

2. Uumama Qubeewwanii

Seensa

Xiyyeeffannoon boqqonnaa kanaa akkaataa itti qubeewwn laatinii uumaman yookaan bocaman irratti.Kunis, barreeffamni harkaa nama tokkoo haala sirriitti dubbifamee namaaf hubatamuun barreeffamuu qaba yaada jedhuun wal-qabata. Kun immoo jalqabumaa qabee akkaataa itti tokkoon tokkoo qubeewwanii itti bocaman shaakaluun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, barreeffama Afaan Oromoo keessatti qubeewwan tajaajilan gara 33 ta’u. Isaan kun hundinuu akkaataa itti uumamaniin yookaan bocamaniin garaagara.

Daa’imman yemmuu barreessuu yaalan si’a tokkotti dandeettiiwwan hedduu wal-faana adeemsisu. Fakkeenyaaf, dandeettii qubeefi sagalee wal-simsiisuu, dandeettii haala qubeen itti bocamu, dandeettii ilaaluun hubachuufi yaadachuu isaan ijoo yemmuu ta’an, barsiisaanis kallattiiwwan kanneenirratti gad fageenyaan shaakalsiisuu qaba.

Walumaagalatti, barreeffamaan yaada ofii ibsachuu keessatti barreeffama harkaa gaarii yookaan sirriitti dubbifamuu danda’u qabaachuun baay’ee barbaachisaadha. Kun immoo si’uma tokkotti kan dhufu osoo hintaane saganteessuun guyyaa guyyaan irra deeddeebi’amee shaakalamuu barbaada. Kanaaf, barreeffamni harkaa qubee haaraa uumuu osoo hintaane isuma kanaan dura moggaafamee jiru akkaatuma boca isaatti garagalchanii (fakkeessanii) barreessuu shaakaluudha. 

Kaayyolee boqonnichaa:

Dhuma boqonnaa kanaatti leenjifamtoonni:

  • Qubeewwan bocuuf mallattoowwan bu’uuraa nifayyadamu,
  • Qubeewwan laatinii haala sirrii ta’een nibocu,
  • Qubeewwan ol dheeroofi gad dheeroo adda nibaasu,
  • Qubeewwan haala wal-fakkaataan uumaman yookaan amalawwan garee wal-fakkaatoo qaban nibarreessu,
  • Jecha keessatti haala walirraa fageenya sirrii qubeewwaniifi sararaawwan gidduu fayyadamuun barreeffama harkaa sirriitti dubbifamu nibarreessu.

 2.1. Qubeewwan Bocuuf Amalawwan yookaan Mallattoowwan Bu’uuraa Gargaaran

         Bu’uurri uumama qubeewwanii bocawwan sarara sirriifi giingoodha.  Bocawwan qubee hundaa kan uumamu, gajjallaa irraa gubbaatti osoo hintaane gubbaa irraa gajjallaati.

Sararoota Bu’uuraa Qubeewwan Bocuuf Gargaaran

  1. |   sarara dhaabbataa
  2.   sara dalgee
  3. /  shafaxa bitaa
  4. /  shafaxa mirgaa
  5. Ɔ  golboo gara bitaa
  6. ʕ  golboo gara mirgaa
  7. O  giingoo
  8. ~  sarara jajallaa (dhodhomoqaa)

           2.2. Kallattii Sochii Qubeewwan itti uumaman

         Tokkoon tokkoo qubee kallattiiwwan harki qalama qabatee itti socho’uun uumaman kan mataa isaanii niqabu. Kanaaf, qubee boca sirrii barreessuu keessatti kallattii sochiiwwan qubeewwan itti uumaman beekuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, kallattii sochii qubeewwan itti uumaman uumama qubeewwan haala gad aanaafi uumama qubeewwan haala ol aanaa jedhamuun bakka lamatti  qoodamu. 

            2.2.1.Uumama Qubeewwan Xixiqqoo (Lower case Letter Formation)

Uumamni qubeewwan haala gad aanaa kallatti sochii qubeewwan xixiqqaa ittiin uumamaman irratti hundaa’a. Kanas akka armaan gadiitti haa ilaallu.

a –  duubatti harkisuu, maruu, ol baasuufi gad buusuu

b –  gad harkisuu, ol baasuu, maruu

c –  duubatti harkisuufi maruu

d – duubatti harkisuu, maruu, ol baasuufi gad buusuu

e – dalga bitatti harkisuu, mirgatti irra deebi’uufi bitatti maruu

f – bitatti harkisuu, gad buusuu,

g – bitatti harkisuu, maruu, ol baasuu, gad buusuufijala maruu

h – gad buusuu ol irra deebi’uu, mirgatti harkisuufi gad buusuu

  Shaakala 2.1

Qubeewwan armaan gaditti (i – z) kennaman akkaataa armaan oliitiin leenjifamtoonni haa shakalan.

  i – _____, _____

j – _____, _____, ____

k – _____, ____, _____

l –  ___

m- ___,____,____,____,____,___,____

n – ____,_____,_____,_____

o – ____,_____

p – ____,_____,_____

q – ____,_____,_____,_____

r – ____,_____,_____

s – ____,_____,_____,_____

t – ____,_____

u – ____,_____,_____,_____

v – ____,_____

w – ____,_____,_____,_____

x – ____,_____

y – ____,_____,_____

z – ____,_____,_____

2.2.2.Uumama Qubeewwan Gurguddoo (Upper case Letter  Formation)

 Uumamni qubeewwan haala ol aanaa kallatti sochii qubeewwan gurguddaa ittiin uumamaman irratti hundaa’a. Kanas akka itti aanutti  haa ilaallu.

A – bitatti gad muruu, matarraan mirgatti gad muruu, walakkaatti dalga walqabsisuu

Bgad harkisuu, irra ol deebisuu, karaa mirgaan walakkaatti maruu, duubatti irra deebisuufi gad miillatti maruu

Cbitatti harkisuufi maruu

D gad harkisuu, irra ol deebisuu, gara mirgaan itti maruu

E – gad harkisuu, mataarraan mirgatti harkisuu, walakkaan mirgatti harkisuufi miilla jalaan mirgatti harkisuu

F– gad harkisuu, mataarraan mirgatti harkisuu, walakkaan mirgatti harkisuu

Shaakala 2.2

Qubeewwan armaan gaditti (G – Z) kennaman akkaataa armaan oliitiin leenjifamtoonni haa shakalan.

G – ____________,  ___________,  __________

H – ____________,  ___________,  __________

I – _____________

J – ____________,  ___________,  __________

K – ____________,  ___________,  __________

L – ____________,  ___________

M – ____________,  ___________,  __________, ____________

N – ____________,  ___________,  __________

O – ____________,  ___________

P – ____________,  ___________,  __________

Q – ____________,  ___________,  __________

R – _________,___________,__________,_______, ___________

S –  ________,_______,_________, _________, _____________

T – ____________,  ___________

U –  ____________,  ___________,  __________, ____________

V – ____________,  ___________

W – ____________,  ___________,  __________, ____________

X – ____________,  ___________

Y – ____________,  ___________,  __________

Z – ____________,  ___________,  __________

2.3. Qubeewwan Ol dheeroo (Ascending Letters)

Qubeewwan ol dheeroo jechuun kanneen yemmuu barreeffaman qaama isaanii ijoo irraa mataan asii ol dheeratanidha. Fakkeenyaaf, haala “b”n armaan gaditti ittiin barreeffame haa ilaallu. Kunis, qaama isaa kaan irraa fiixeen yookaan mataan isaa asii ol dheerachuun barreeffamee jira.

                                           Qubee ol dheeraa

                                                        Qubee gad dheeraa

Gama biraatiin, qubeewwan gad dheeroo kanneen jedhaman dabalataan akka fakkeenyaatti  b, d, h, k, l, t, …  ilaaluun nidanda’ama. .

 Haala barreeffama harkaa sarara sadi ta’e keessatti qubeewwan ol dheeroo kunneen hundi sarara isa olaanaa tuquun barreeffamu.

2.4. Qubeewwan Gad dheeroo (Descending Letters)

Qubeewwan gad dheeroo kanneen jedhaman yemmuu barreeffaman qaama isaanii ijoo irraa miilli isaanii asii gadi dheeratanidha. Fakkeenyaaf, akkuma fakkii armaan olii irraa hubachuun danda’amu haalli “p”n  itti barreeffame kan “b” irraa adda. Kunis, qaama isaa biroo irraa miilli isaa asii gad dheerachuun barreeffamee jira.

Walumaagalatti, qubeewwan gad dheeroo kanneen jedhaman haala barreeffama harkaa sarara sadi ta’e keessatti hundi isaanii sarara gad aanu tuquun barreeffamu. Fakkeenya dabalataaf, j, f, g, q, p, y, z … fudhachuun nidanda’ama.

Walumaagatti, fakkii armaan gadiirraa haala barreeffama harkaa sara sadii ta’e keessatti barreeffammu ilaaluun nidanda’ama.

2.5. Qubeewwan Haala Wal-fakkaatoon uumaman (Letters with Similar Formation)

 Qubeewwaan haala itti bocamaniin yookaan uumamaniin garee afuritti qooduun nidanda’ama.

Garee Tokkoffaa: Sararoota Sirrii (Straight Lines)

  • Yeroo hundaa gubbaarraan jalqabu.

Fakkeenya:  I, L, i, l, t, T, H, k, K, J, j, f, F,E

Garee Lammaffaa: Sararoota Sirrii Shaffaxa ta’an (Straight Slanted Lines)

  • Qubeewwan kunneen sararoota shafaxa sararamaniirraa kan uumaman ta’anii, gubbaarraa gaditti sararamuun uumamu.

      Fakkeenya:  V, v, W, w, A, Y, y, X, x

  Garee Sadaffaa: Gad buusuu, ol deebisuufi maruu (Down, Retrace up and Around)

  • Qubeewwan kunneen hundi wayita uumaman jalqaba sarara sirriitu uumama itti aansuun ol ba’uun deebi’ee gad bu’a.

Fakkeenyaaf : r, n, m, h, b, p

    Garee Arfaffaa: Qubeewwan Golbaa’oo boca “C”n Eegalan (Curved Letters Starting with a “C”)

        Fakkeenyaaf:  C, c, a, d, G, g, O, o, Q, q, S, s, e

2.6. Qubeewwan Duubatti harkifamuun Eegalan  (Letters Starting by Pulling back)

 Qubeewwan kunneen wayita uumaman jalqabarratti amala  isaan walfakkeessu qabu. Kunis jalqabarratti sochii harkaa gara bitaatti (counter clockwise) ta’uun uumamu.

  Fakkeenyaaf:  a, c, f, g, o, q, s, C, G, O, Q, S, d

2.6. Fageenya Qubeewwaniifi Sararoota Gidduu Jiru (Spacing between letters and lines)

          Biyya keenya keessatti barreeffamni harkaa nama hunda haala bifa walfakkaataa ta’een kan mul’atu mit. Haata’u malee, biyyoota alaa keessumaa Ameerikaafi biyyoota Awurooppaa keessatti barreeffamni harkaa namootaa haala walfakkaataan barreeffama.Kun immoo ta’uu kan danda’eef biyyoota kunneen keessatti barnootaafi shaakala barreeffama harkaatiif xiyyeeffannoon guddaa kennamee waan jiruuf.

          Barreeffamni harkaa namoota tokko tokkoo dubbifamuu hindanda’u. Kanaaf immoo sababni ijoo jecha keessatti qubeewwan walitti maxxansuu yookaan wal-keessa xaxuun barreessuudha. Rakkoo kana furuuf jecha keessatti hanga walirraa fageenya qubeewwanii beekuun shaakaluun murteessaadha. Jecha keessatti hangi walirraa fageenya qubeewwanii dubbifamuufi dubbifamuu dhiisuu danda’uu barreeffama harkaarratti dhiibbaa niqaba.

          Fakkeenyaaf, fakkii armaan gadii shaakala barreeffama harkaa daa’imni tokko taasisu agarsiisu haa ilaallu. Akkuma fakkicharraa hubachuun danda’amu, jecha keessatti tokkoon tokkoo qubee osoo wal-hintuqiin barreeffamanii jiru. Kanaaf, qulqullina kan qabuufi dubbifamuuf kan nama hawwatudha.

Boqonnaa Sadii

Shaakala Barreessuu

Seensa

Boqonnaalee lamaan hanga ammaatti mojuula kan keessatti ilaalte, waa’ee sagalee  dubbii Afaan Oromoofi akkaataa bocuu isaanii barattanii jirtu. Boqonnaa kana keessatti immoo, bocaawwan qubeewwan Afaan Oromoo ni baratta.Waa’ee bocawwan qubeewwanii kaasuun barbaachisaadha.Sababiinsaas, barreeffamni keessumaayyuu barreeffamni harkaa,kan bu’uureffame beekumsa boca qubeerratti waan ta’eefi. Namoota gara garaa biratti, yeroo harkaan barreessan qubeen tokko boca gara garaa qabaatee mul’ata. Kun  immoo, barreeffama sana namoonni hedduun akka hin hubanne godha. Mat-dureen guddaan boqonnaa kana keessatti ka’u inni biroon, akkaataa sochii harkaa,  qabannaa qalamaafi waraqaati. Itti dabalees, gochaaleen fi leecaaloowwan qubee bocuu dagaagsuu danda’an dhihaataniiru

Kaayyoo Boqonnichaa

Xuumra boqonnaa kanaatti,

  • Bifa qubeewwan  Afaan Oromoo sirriitti bocca
  • Qajeelfama jechootaan siif kennamu fayyadamuun qubeewwan ni bocca
  • Akkaataa qabannaa qalamaa, waraqaafi sochii harkaa irratti odeeffannoo ni argatta

 3.1.   Shaakala Barreeffama Harkaa (Hand writing practice)

Daa’imman akkaata qubeewwan sirnaan bocuu danda’an barsiifamuu qabu. Yoo sirnaan qubeewwab bocuu danda’an,saffisaafi bifa namoota dubbisaniif ifa ta’uun barreessuu  danda’u.

Qubeewwan tokkoon tokkoon isaanii akkamitti akka bocaman daa’immanitti agarsiisuufi qubee bocuus yeroo baay’ee shaakalchiisuun, baay’ee barbaachisaa dha.Shaakala baay’ee yoo argatan, saffisni barreessuu isaani dabalaa deema. Daa’imman akkamitti  saffisaan ykn battalumatti barreessuun akka danda’amu yemmuu baran, akkamitti qubeewwan bocuu akka danda’an  osoo hin taane, jechoota barreessuu barbaadan akkamitti barreessuu akka danda’anirratti xiyyeeffachuu danda’u. kanaafuu, akkamitti daa’imman saffisaan battalumatti barreessuu akka itti  dandeessisuun danda’amurratti xiyyeeffannee barsiisuun barbaachisaadha.Daa’imman jalqabarratti harkaan barreessuu irra caalatti kan baratan, qubewwan guguddisanii barreessuudhaani.

3.2.  Boca Qubeewwan Afaan Oromoo

Bocaawwan qubeewwanii barsiisuuf wantoota naannoo keenyatti argaman akka qubeewwaniitti bocuun agarsiisuun barbaachisaadha.

Shaakala 1

Gaaffiilee armaan gadii mari’achuun deebisi

  1. Qubeewwan dubbifamaafi dubbachiiftuu Afaan Oromoo tarreessaa.
  2. Qubeewwan gurguddaafi xixiqqaa barruulee keessan irratti tarreessaa.

Qubeewwan armaan gaditti dhihaatan ilaali. Akkaataa barreeffama isaanii adda baasuun barreessuuf shaakali.

3.5 Jechoota Qubeewwan Boccisiisuuf Tajaajilan

Shaakala 2

  1. Jechoonni barattoota qubee boccisiisuuf oolan tarreessaa
  2. Qubee tokko fudhachuun akkaata bocama isaa jechootaan tarreessaa

Qubeewwan daa’imman boccisiisuuf jechoota gara garaa fayyadamuun ni danda’ama. Jechoonni kunneen qajeelfama ifaa kanneen dabarsan ta’uu qabu.

 Fakkeenyaaf, jechoota armaan gadii ilaala

  • Gara fuul-duraatti deemi!
  • Duubatti deemi!
  • Giingoo itti godhi!
  • Ol sarari!
  • Gadi deebi’i!
  • Irra qaxxaamursi!
  • Shaffaxa sarari!

Shaakala 3

Qubeewwan armaan gadii boccisiisuuf  jechoota olitti tarreeffaman fayyadamuun hiriyoota kee akka barattoota calqabdootaatti fudhachuun barsiisi.

  1. /d/
  2. /L/
  3. / M/
  4. /t/
  5. /R/

3.4.   Sochii harkaa, Qabannaa qalamaa fi Waraqaa  Barreeffama   

    shaakalchiisuu Keessatti

 Qubee bocuuf, barataan akkamitti harka isaa/ishee akka sochoosu/sochoostu, qalama fi waraqaa akkamitti akka qabatu/qabattu beekuu qaba/qabdi. Fakkii arrmaan gadii ilaaluun leenjifamtoonni akka shaakalan haa taasifamani

Fakkii 1

Fakkii 2

Fakkii 3

Fakkii 4

Fakkii 5

Fakkii 6

Fakkii 7

Fakkii 8

3.5. Tooftaalee qubeewwan bocuu barsiisuuf oolan

Shaakala 4

Gaaffiilee armaan gadii gareen mari’achuun deebisaa

Tooftaalee qubeewwan bochuu barsiisuuf oolan tarreessaa.Tooftaalee kanneen keessaa tokko fayyadamuun qubeewwan armaan gadii bocuu wal shaakalchiisaa.

  1. /K/
  2. /O/
  3. /X/
  4. /Y/

Tooftaaleen qubeewwan bocuu shaakalchiisuuf  oolan keessaa muraasni kanneen gadiitti tarreeffamani dha. Isaanis:

  1. Qilleensarratti Barreessuu:

Qilleensarratti barreessuun  tooftaa yemmuu waraqaa fi qalamni gahaan hin jirre ariitiin barreessuu shaakalchiisuuf itti fayyadamani dha.qilleensarratti barreessuuf ,barsiisaan dugdaan barattootatti garagaluu qaba.yoo kana hin taane, qubeewwan inni ykn isheen barsiisu/barsiistu faallaa barattootatti as garagalu waan ta’eef barattoota dogaggorsuu malu.

Barsiisaan dugdaan barattoottatti garagaluudhaan quba eertuun akkamitti qubeen sun akka bocamu barattootatti agarsiisa.Barattoonni hunduu qixa arguu danda’aniin irree isaa sochoosuun qubicha boca.Dabalataani akka barattoonni salphaatti hubataniif akkaataa qubeen itti bocamu ibsuuf, waan gochuu yaadu sana dubbachaa Fakkeenyaaf, (Jalqaba olin deema,itti aansee immoo gadin bu’a fi k.k.f .Akkamitti qubeen qilleensarratti akka bocamu barsiisuun fakkeessuun erga agarsiisee booda, barattoonni quba eertuu isaaniittiin qilleensarratti qubee kana bochuu shaakalu.

  • Kaardii libsuu:

Kaardiin libsuu tooftaa salphaa qaamolee dandeettiilee dubbisuufi barreessuu hedduu ittiin barsiisuu dandeenyu dha. Qubee barsiisuu keessatti, barsiisaan  qubee barsiisuuf deemu sana kaardii libsuurratti barreessee mul’isuun barnooticha eegaluu danda’a. Qubeewwan gara garaa  barataa yemmuu deeman, kaardii kanarratti barreeffamanii kanneen dura baratamanitti makamuu qabu. Qubeewwanis bifa barattootatti mul’achuu danda’aniin gurguddifamanii kaardiiwwan irratti barreeffamuu qabu. Kaardiiwwan kanneen tokko tokkoon agarsiisuudhaan barattoonni qubeen kum akka irratti barreeffame akka himan  taasisuun itti fayyadamuun ni danda’ama.

  • Qubee Adamsuu:

Erga barattoonni qubee xiyyeffatame sana baratanii booda, barsiisaan jechoota tarreessee itti kenna. Qubee baratan sana barbaadanii adda baasuun akka itti maran gaafata.

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.