General Physics III – Phy 323

FIIZIKSII DIMSHAASHAA III ( Phy. 323)

Boqonnaa 1    Lafa

Ga’umsa YXGQ: Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Bocaa fi wantoota boca ishee murteessan ni ibsu
  • Pilaanetoota keessaa lafti toora meeqaffaa irratti akka argamtu ni himu
  • Waa’ee sochii lafti taasistu adda baasanii ni himu
  • Sababoota uumama halkanii fi guyyaa fi waqtilee ni tarreessu.

1.1  Bocaa fi hamma ( guddina) Lafa

Bocni lafaa isfeerii ta’ee, garuu isferii qulqlluu osoo hin ta’iin gara mudhii lafaatti ba’atee ykn dhiita’ee , naannoo bantiiwwaniitti ammoo diriiraa kan ta’e dha. Egaa bocni lafaa isferooyidii diriiroo (oblate spheroid) ta’e dha. Lafti boca amma qabattee jirtu akka qabaattu kan taasisu ykn murteessan wantoota lamatu jiru. Isaanis :

  1. Humna Harkisa gara keessaa (centripetal force)
    1. Humna Harkisa gara alaa (centrifugal force )

Humni giraavitii lafaa gara keessaa suudoleen lafaa gara keessoo isaatti harkisan hundaa hammata. Humni harkisa lafaa gara alaa immoo humna suudoo fi qaamoleen samii keessaa naannoo lafaa jiran kallattii hundaan lafa gara ofii isaaniitti harkisan dha. Taateen humnoota kanaa lamaan lafti akka gara mudhii isheetti akka bal’atu fi bantiin isaa diriiraa akka ta’u taasisa. Kanaaf diyaameetirri bantii fi mudhii lafaa adda adda dha

1.2  Bakka lafti hawaa keessaa itti argamtu

Sirna aduu keessatti pilaanetootni martinuu aduutti marsu. Lafti pilaanetoota jiran keessaa aduu irraa fageenya qabdu irratti hundaa’uun Maarsii dursuun Veenusiitti aantee sadaffaa irratti argamti.

Haala argama lafaa irratti yaad-hiddamoota lamatu jiru. Isaanis :

Jii’osentirikii fi Heliyosentirikii dha.

Addunyaa ishee durii keessatti yaad-hiddamni waa’ee caasefama hawaa’universe’ yeroo baay’ee beekamu ykn irra deddeebi’ee ka’u, moodela jii’oosentrikii  dha.  Innis  lafti gidduu hawaa taatee , qaamolee samii keessaa hundi isaanii lafatti naanna’u jedhu dha.  Kana jechuun lafti handhuura kosmosii ’ cosmos’ ti jedhu dha ; Kanaaf akka  yaad-  hiddama kanaatti lafti handhuura pilaanetoota , aduu , ji’aa fi urjootaa ta’ee isaan kun immoo itti marsu. Maddi yaad-hiddama kanaas, daawwannaa jalqabaa sochii  wantoota samii keessaa ija keenyaan ilaalu dha. Yeroo kana lafti boqotaa ykn kan hinsochoonee fi dhaabbata dha. Falaasfota gurguddoo Giriikii keessaa kan yaad-hiddama kana cimsanii deggaraa turan keessaa kanneen akka Aristootilii fi Pitoolamii (Ptolemy) fa’i. Erga pitoolamiin du’ees yaadni kun waggoota Dh.K.D 2000 osoo hin geddaramiin itti fufee ture. Bu’urri ykn sababni yaadihiddama kanaas daawwannaa ijaan lafaa aduu fi qaamolee hawaa keessa irratti taasifame dha. Kanaaf yennaa kana lafti kan hin sochhoone, aduun ammoo yeroo hundaa karaa bahaa baatee, karaa lixaa ammoo seenuu isheetiin dha.

Yaad rimeen inni lammaaffaan Heliyoosenterikii aduun hundhuura hawaati jedhu jalqaba Giriikota durii irraa madde. Yaad-hiddamni kunis falaasfota Giriikiin jaarraa 3ffaa Dh. K. Dura eeramee garuu dhiibbaa ilaalcha Aristootilaanii fi hanqina dhugoomuu yaad-hiddamichaan xiyyeeffannoo hin arganne. Namootni herregaa , dura buutonni Kaatolikii fi Nikoolaas Koopernikas ta’an waa’ee sochii qaamolee samii keessaaf ibsuuf moodela herregaa kan kaa’an bara barreeffamaa sana ture. Moodela kana keessatti aduun handhuura sirna soolaarii ta’ee pilanetootni hunduu lafa dabalatee aduutti marsu. Jiini immoo lafatti akka marsitutti fudhatama ture.

1: 3 Sochii Lafti Taasistu

Qaamaleen hawaa keessaa sochii garaa garaa taasiu. Akka saayinsii ammayyaattii fi yaad- hiddama Heliosentirikiitti laftii fi pilaanetootni sochii lama taasisu. Isaanis sochii siiqqee ykn utubaa mataa isaaniitti taasisani fi sochii naannawaa aduutti taasisanidha.

a.  Sochii lafti utubaa(siiqqee) mataa ishee irratti taasiftu.

Lafti al-takkaa ofirra naanna’uuf sa’a 24 itti fudhata. Sababa sochii lafti siiqqee mataa isheetti taasistuu fi haqaaqamaa gootuun halkanii fi guyyaan uumama.

b.  Sochii lafti aduuttu naanna’uun taasistuu fi waktiilee

Akka yaad-hiddama saayinsii ammayyaatti aduu fi pilaanetootni gaasii duumessaa’aa  boca diiskii qabuu fi awwaara’aa akka wiilii guddaa naanna’u irraa uumaman. Lafti utubaa mataa isheetti osoo naannoftuu achumaan aduutti naannofti. Utubaan pilaanetootni irratti naanna’an dirra diriiroon lafaan yoo wal-cina qabaman kofa 23 ½ 0 n daba. Yommuu bantiin kaaba lafaa gara aduutti dabu, hemisferiin kaabaa xiyya aduu irra jireessa argata. Ifti aduu kallacha isaa habalkaan deemu caalaa annisaa dabarsa ; kun immoo waktii gannaa ho’aa hemisferii kaabaatti uuma.

Yeroo bantiin kaabaa irra caalaa gara aduutti dabu, xiyyi aduu kallattii sarara kaaba mudhii lafaa tiroopiki kaanserii irra qabaata. Waggaa keessatti yeroo xiyyi aduu kallacha tiroopiki kaanserii irra qubatu Soolestisii (summer solstice) gannaa jedhama. Solistisii jechuun aduun callistee dhaabatti jechuu dha. Yeroo soolistisii gannaa , namni kamiyyuu kaaba mudhii lafaa kan jiru, aduun yeroo baay’ee kaaba samii irratti arga.  Soolistisiin gannaa kan mudatu  waxabajjii  21 ykn 22 kibba irraa fagaatee guyyaa hundaa mul’ata. Yeroo soolistikii gannaatti naannoleen dirra lafaa geengoo arkitikii sa’a 24f ifa aduu argatu. Fulbaana 22 ykn 23 tti xiyyi aduu kallacha mudhii lafaatti ba’a. Yeroon kun ikiyuunooksii birraa ’autumnal equinox’ jedhamuu fi jalqaba waktii roobaati. Ikiyuunooksii jechuun galgala wal-qixaa jechuu dha. Muddetti lafti walakkaa naannoo oorbitii isaa deemteetti , bantiin kaabaa baay’ee aduu irraa achi daba. . Xiyyi aduu kallachaa sarara kibba mudhii lafaa kaapiriikoornii tiroopikii jedhamu irra qubata. Kun immoo soolistisii bonaa fi kan ji’aa Mudde 21 fi 22 tti mudatu dha. Waktii bonaa kaaba mudhii lafaatti eegalsiisa jechuu dha. Yeroo soolistisiin bonaa karaa hemisferii kaabaan ilaalamu aduun irra jireessaan samii keessaa karaa kibbaatti argamti. Naannoleen geengoo aantaartikii (bantii kibbaa) sa’a 24f ifa aduu yoo argatan, geengoon arkitikii ammoo sa’a 24f ifa aduu hin argatu (ni dukkanaa’a jechuu dha). Ji’a Bitootessaatti lafti sadii arfaffaa (¾ ) sochii aduutti xumurti. Ji’a Bitootessa 21 fi 22 tti xiyyi aduu kallacha deebi’ee kallattidhaan mudhii lafaa irra qubata.

Yeroon kun immoo akkuma Fulbaana keessaa deebi’ee halkanii fi guyyaan wal-qixatau dha.Ikuyinooksii vernaalii (Arfaasaa) ’vernal equinox’ kan arfaasaan itti eegalu jedhama.

Lafti hawaa keessa yeroo deemtu saffisa dhaabbataan deemti osoo hin ta’iin walitti fufinsaan saffisni ishee jijjiirama. Sababni inni jal-qabaa laftti yemmuu oorbitii isa boca illiptikaala qabuun aduutti dhihaatu bakka periiliyoonii (perihrlion) tti saaffisaan deemti. Periiliyooniin bakka lafti aduutti bayy’ee dhihaattee deemtu ta’ee yeroon waggaa keessaa naannoo  ji’a Amajjiiti ta’a. Egaa yeroo kanatti saffisa olaanaadhaan sochooti. Kuni immoo kan inni mudatu heemisferii kaabaaf waktii bonaati. Ji’a ja’a booda yemmuu lafti afeeliyoonii (aphelion) irra  jirtu aduun samii keessa saffisaan waan deemtu fakkaatti. Afeliyooniin bakka itti lafti aduu irraa baay’ee fagaattee aduutti naannoftu ta’ee garuu saffisa xiqqaadhaan deemti. Sababni inni lammaffaan kofa nuti aduu itti ilaallu saaffisnii akka jijjiiramu godha.

Of-madaallii boqonnichaa

Gabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T.LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaada
1Wantoota bocaa fi hamma lafaa murteessan ibsuu danda’eera.   
2Pilaanetoota keessaa lafti toora meeqaffaa irratti akka argamtu himuu danda’een jira.   
3Gosa sochii lafti taasistu adda baasee himuu danda’een jira.   
4Sababoota uumama halkanii fi guyyaa fi waqtilee tarreessuu danda’een jira.   

Boqonnaa 2 Addeessa (Ji’a)

Ga’umsa YXGQ : Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Waa’ee caasefama amala qaama ji’aa ni ibsu.
    • Sochiilee jiini taasistu addaan baasanii ni himu.
    • Feezii fi gaaddiddeessuu jiini taasistu addaan baasanii ni himu

2.1  Qaama Fiizikaala Ji’aa

Jiini saatelayitii uumamaa dachee taatee ifa mataa ishee kan hin qabne dha. Ulfaatinni ji’aa

1/81 ffaa kan lafaa yoo ta’u, diyaameetirri isaa immoo ¼ ffaa kan lafaa ta’a. Kun lamaan walitti dhufuun harkisa ji’aa 1/6ffaa kan lafaa ta’a.

Laftii fi jiini wantoota wal-fakkaatan irraa ijaaraman . Fknf piroporshinaalii garaa garaa haaqabaataniyyuu malee lamaanuu oksijiinii fi silkanii qabu. Dabalataanis wantoota akka tiitaaniyeemii , maaginiyeezyiyeemii fi ayiranii gurraacha haalawaa qaba. Dhagoonni bakka ol- ka’oo ji’aa namoota ji’a irra qubataniin funaanaman kanneen akka kaalshiyeemii fi aluuminiyeemii jiraachuu isaanii namni jalqabaaf ji’a irra qubate Neeyil Armistiroong Adoolessa 20, 1969 G.C. eereera. Qaamni fiizikaalaa ji’aa amalli inni ittiin beekamu keessaa Maariyaa fi Kiraatersii isaan beekamoo dha. Maariyaan mallattoo dirra ji’aa irratti mul’atu ta’ee bakka dukkanaa’aa ji’aa ti. Kiraatersii n dhooqa , boca meeshaa uffatni keessatti miiccamu fakkatu kan dirra ji’aa irratti mul’atu dha. Kiraatersiin sababa meetirooyitiin dirra ji’aa irraan miidhaa ga’anii fi gochaa volkaanoo dirra ji’aa irraan kan ka’e uumama.

  • Sochii Jiini Taasistu.

Osoo Veenusii irra ykn Maarsii irra jirta taatee, jiinis akkuma lafaa pilaanetii fakkaattee sochooti: lamaanuu aduutti waan naanna’aniifi , inni xiqqoon dura inni guddaan ammoo booda waan deeman fakkaatu. Pilaanetoota dachaa fakkatanii mu’atus.

Oorbitiin ji’aa boca illiiptikaalaa waan qabuuf bakka tokkotti isa bakka biraa caalaa lafatti dhi’aattee, bakka biraatti immoo baay’ee fagaattee argamti. Bakki jiini lafatti dhihaattee argamtu periijii (perigee) jedhama. bakki baay’ee fagoon ammoo apoojii (apogee) jedhama.

2.3    Jijjiirama boca (Feezii) ji’aa

Yommuu jiini oorbitii mataa ishee irra lafatti naanna’aa deemtu lafaa fi aduu gidduu akkasumas lafti aduu fi ji’a gidduu galuun boca ji’aa kanneen akka ji’a haaraa , kiresentii, nuusa jalqabaa ykn tokko-arfaffaa , giibusii fi guutuun ji’aa jedhamanii beekaman arguu dandeenya. Jalqabatti yommuu jiini lafaa fi aduu gidduu ooltutti , qaamni ji’aa inni ifaa gara aduu ta’ee, inni dukkanaa’aan gara lafaa ta’a. Feeziin ji’aa yeroo kana argamtu, ji’a haaraa jedhama.

  • Ji’a haaraa : Bocni ji’aa adda adda kan mul’atu sadhata sochii laftii fi jiini aduutti naanna’uun taasisan ta’ee, qaamni ji’aa inni ifaan gara aduutti ; inni dukkanaa’aan ammoo gara lafaatti garagala. Feeziin ji’aa yeroo kana mul’atu ji’a haaraa jedhama.
    • Callaqa (kiresentii waaksingii) : Calalaqni ykn waaksingiin boca ji’aa  keessaa tokko ta’ee , ji’a haaraatti aanee yeroo turtii saa’aa 24 booda cittuu ji’aa mul’atu dha. Waaksingii jechuun mul’achaa , guddachaa deemuu jechuu dha.
    • Nuusa tokkoffaa: Nuusa tokkoffaan feezii ji’aa keessaa tokko ta’ee yommuu tokko arfaffaan ji’aa mul’atu dha.
    • Gibuusii Waaksingii : Feeziin ji’aa kun immoo boca ji’aa isa 4ffaa ta’ee , ji’a nuusa tokkoffaatti aanee , ji’a guutuu dursee kan mul’atu dha.
    • Goobana (ji’a guutuu) :Feezii ji’aa kana qaamni ji’aa inni ifaan guutumaa guutuutti garagalee mul’ata.  Yeroo  kana lafti , aduu fi jiini sadan isaanii akka daandii qajeelaa  tokko irra jiranitti fudhatama. Jiini yeroo kana mul’attu geengoo guutuu taatee ifa aduu irraa argatteen gara lafaatti calaqqisti.
  • Giibusii Waaningii : Bocni ji’aa kun immoo ji’a guutuu fi boca ji’aa nuusa isa xumuraa gidduutti kan argamuu dha. Yommuu kana gar-tokkeen ji’aa inni ifaan xiqqaachaa, inni dukkanaa’aan ammoo guddachaa deema. Waaningii jechuun xinnaachaa deemuu jechuu dha.
    • Nuusa xumuraa : Feeziin ji’aa kun immoo boca ji’aa Gibuusii Waaningiitti aanee kiresentii waaningii dursee kan mul’atu dha. Yeroo kana gartokkeen ji’aa karaa bitaa ifaa ta’ee, inni karaa mirgaa immoo dukkanaa’aa ta’a. Boca ji’aa kana keessatti gar-tokkeen ji’aa inni ifaan hir’achaa , inni dukkanaa’aan dabalaa deema.
    • Kiresentii Waaningii: Bocni ji’aa inni xumuraa kun Nuusa xumuraatti aanee , ji’a haaraa ammoo dursee kan mul’atu dha. Cittuun ykn gar-tokkeen ji’aa mul’atu kun guyyaa hundumaa xiqqaachaa xiqqaachaa deemee gara ji’a haaraatti geeddarama jechuu dha.

2.4  Gaaddiddeessuu

Gaaddiddeessuun kan mudatu yemmuu qaamni astironoomikaalaa tokko gaaddidduu isaa isa kan biraa irra oolchuu dha. Gaaddiddeessuun gosa lamatu jiru. Isaanis :

Gaaddiddeessuu Ji’aa :Kun kan uumamu yeroo lafti gidduu aduu fi ji’aa galtu dha. Yennaa kana ifti aduu guutummaan lafaan aguugamee ykn golgamee argama.

Gaaddiddeessuu Aduu : Kun kan uumamu yeroo jiini aduu fi lafa gidduu ooltu dha. Yemmuu kana lafarratti dukkanatu uumama. Dukkanni akkanaa kun gaaddiddeessuu aduu jedhamee beekama. Gaaddiddeessuu aduu gosa lamatu jiru. Isaanis Amberaa fi peenamberaa jedhama. Amberaan bakka baay’ee dukkanaa’aa dha. Peenamberaan guutumaa guutuutti dukkanaa’aa osoo hin taane gar-tokkeen dukkanaa’oo ykn dimimisaa’aa dha.

Of-madaallii boqonnichaa

Gabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T . LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaada
1Waa’ee caasefama amala qaama ji’aa ibsu danda’eera.   
2Sochiilee jiini taasistu addaan baasee himun jira.   
3Feeziifi gaaddiddeessuu jiini taasistu addaan baafadheera.   

Boqonnaa 3 Rookkeetii fi Saatalaayitoota

Ga’umsa YXGQ: Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Garaagarummaa fi walitti dhufeenya Rookkettii fi saatalaayitoota nam-tolchee addaan baasanii himu
  • Faayidaa saatalaayitoota nam-tolchee ni himu.
  • Saffisa oorbitalaawaa ni shallagu.

3:1 Rookkettii

Rookkettiin mootora addaa ta’ee saatalaayitoota gara oorbitoota naannoo lafaatti erguuf gargaara. Rookkettiin sababa seera sochii 3ffaa Niwutooniin dhuka’ee socho’a. Innis boba’aa (fuel) gubuun gaasii gubataa saffisa guddaan asii gadee dhiiba. Gaasichis humna faallaa ta’een asii olee dhiiba.

3:2 Saatalaayitii

Saatalaayitiin wantoota kamiyyuu ta’ee kan qaamolee gurguddoo jalqabaatti marsanidha. Saatalaayitootni gosa lamatu jiru . Isaanis Saatalaayitoota uumamaa fi Saatalaayitii nam- tolchee ti. Pilaanetoota keessoo keessaa laftii fi Maarsiin kanneen Saatalaayitoota uumamaa qaban dha. Pilaanetootni alaa immoo yoo xiqqaate tokko tokkoon isaanii Saatalaayitoota lamaa fi isaa ol qabu.

Bocaa fi diyaameetira oorbitii saatalaayitootaa irratti hundaa’uun saatalaayitootni garaagaraatu jiru. Isaan keessaa muraasni:

  1. Oorbitii dhaabbataa lafaa ’Geostationary orbit’ (GEO) : Saatalaayitootni kun lafarraa  36000 km fagaatanii lafatti naanna’u. Saatalaayitootni kun saffisa lafti ittiin sochootuun (≈ 10,000km/hr) socho’u. Saatalaayitootni oorbitii daabbataa lafaa afur (4) ta’an tu jiru. Isaanis ;

Naavistaarii : galaana keessa deemuu fi qaxxaamuruun wantoota garba keessa jiran hordofuufi qorachuuf oola.

Laand-saatii: Isaan kun immoo qabeenya lafaa qorachuuf, suura lafaarra kaasuun  , maappii lafaa kaasuuf haala biqilootaa, faalama qilleensaa, bakka albuudaalee tokko tokko beekuuf oola.

NOAA: Kun immoo saatalaayitii haala qilleensaa , Teempireechera qilleensaa , kan garbaa fi

k.k.f safaruun bakka roobni itti roobuu danda’uu fi dhiisu addaan baasuuf oola

IRAS: Saatalaayitii sirna soolaari (sirna aduu) fi hawaa qorachuuf oola.

  • Oorbitii gadaanaa lafaa ’Low Earth Orbit’ (LEO) : Isaan kun immoo gara lafaatti dhihaatanii fageenya 500 – 1500 km irratti argamu.
  • Oorbitii giddugaleessa lafaa ’Medium earth Orbit’(MEO) : Saatalaayitootni akkanaa kun ammoo lafarraa 6000 – 20000 km fagaatanii deemu.
  • Oorbitii olaanaa illiptikaalaa ’High illiptical Orbit’ (HEO)
    • Walii-galatti saatalayitootni tamsaasa televiizyinii ,qunnamtii bilbilaa fi interneetii, haala qilleensaa tilmaamuuf ,qorannoo saayinsaawaaf, waraanaa fi geejjibaaf oolu

Humni  gara  gidduu  (Fg)  saatalaayitii  irratti dalagaa’e     seera sochii Niwutoonii irraa humni wantoota lama giddii jiru haala kanaa gadii ta’a.

F = G Mm

g                    r 2

——–  1       yoo G –Dhaabbataa harkisa hundoomaa ta’ee hammi isaas

G = 6.67 x 10-11 Nm2 kg-2 ta’a.

2  

Humni gara gidduu akka fakkii armaan olii irraa Fg = ma = m v

r

Himoota herregaa armaan olii 1     fi 2 walitti fiduun

——2 ta’a.

=  

Mm          v 2

Fg          G  r 2        = m r

Saffisni saatalaayitti v =

Of-madaallii boqonnichaa

Gabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T . LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaada
1Garaagarummaa fi walitti dhufeenya Rookkettii fi saatalaayitoota nam-tolchee addaan baafadheen jira.   
2Faayidaa saatalaayitoota nam-tolchee himuu danda’een jira.   
3Saffisa oorbitalaawaa saatalaayitii shallaguu danda’een jira.   

Boqonnaa 4 Atimoosferii

Ga’umsa YXGQ: Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Qabiyyee atimoosferii lafaa ni ibsu,
  • Caasalee atimoosferii lafaa ni tarreessu,
  • Barbaachisummaa atimoosferii lafaa ni beeku,
  • Marsaa qilleensaa fi bubbee ni hubatu,
  • Marsaa bishaanii fi duumessa ni beeku,
  • Zoonii qilleensa beekamaa addunyaa ni addeessu fi

4.1  Ruqoolee fi caasaalee atimoosferii

  • Ruqoolee atimoosferii lafaa

Atimoosferiin lafaa gaasota gosa adda addaa (naayitroojinii, oksiijinii Aargoonii kkf),copha bishaani fi suudoolee owwaara’oo xixiqqaa irraa ijaarame.

4.1.2    Caasaalee atimoosferii lafaa.

Atimoosferiin lafaa tamsa’ina hangaa, jijjiirama Teempireechera altiitudiin irratti hunda’uun bakka afuritti qoodama..Isaanis:Tiroopposferii,Istiraatosferii, Meesoosferii fi Teermoosferii dha.

  1. Tiroopposferii Haalli qilleensaa hundi kan keessatti ta’u fi caasaa atimoosferii gara lafaatti gadi aanee jiruu dha. Jijjiiramni haala qilleensaa tiroopposferii qofa keessatti geggeeffama.
  2. Istiraatosferii:Caasaa kana keessaatti oozooniin madana UV xuuxuun gara anniisaa ho’aatti jijjiira.
  3. Meesosferii Caasa saddaffaa atimoosferii lafaa ta’e irra istiraatosferii jiruu dha. Meeti’oorii furgugifamani irra caalaan asi keessatti gubatu.
  4. Teermosferii: Teermosferiin bakka gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis Ayonosferii fi Exosferii jedhamu.
  5. Ayonosferii:    Suudoolee    chaarja’oo    ayonii    hedduminaan   waan    keessatti      argamaniif balaqqeesa’uun dambalii raadiyoo (AM) geggeefama.
  6. Exoosferii: Ayoonoota baayyee xiqqoof hedduuminaan gargar fafagaatanii jirantu keessatti argamu.

4.2  Marsaa qilleensaa fi bubbee

  • Ka’umsa marsaa qilleensaa

Sochii atimoosferiin ykn qilleensi dalga irra taasisu bubbee (wind) jedhama. Bubbeef ka’umsa kan ta’an isaan gurgudoon walqixxoomaan ho’uu dhabuu lafaa fi sochii lafti siiqqee ishee irra taasiftuu humna koriliyosii dha.

4.2.2 Afuufa dachee fi afuufa galaanaa (Land breezes and sea breezes)

Dachee fi bishaan (galaanni) dandeetti ho’a addaa gargar ta’e qabu. Bishaanni dandeetti ho’a adda kan dachee irra guddaa ta’e qaba. Lafti (dacheen) bishaan irra caalaa, ho’a saffisa guddan xuuxa; saffisa guddaanis daddafee gadhiisa. Kanaaf, garaagarumman jijjiirama Teempireecheraa ykn giraadiyaantiin Teempireecheraa (∆T) dachee fi galaana gidduutti ni uumama. Afuufi galaanaa, guyya galaana irraa gara dachee bubbisa. Galgalaa fi ganna galaanni dachee irra caalaa ho’a. Afuufi dachee, galgala dachee dhiibba guddaa irraa gara galaanaa dhiibbaa xiqqaatti bubbisa.

4.2.3 Sirna bubbee addunyaa (wind system)

Ka’umsi sirna bubbee addunyaa makama marsaa sayikloonii fi faallaa saayikiloonkii, kan ka’umsa marsaa qilleensaa gurguddoon uumamuu ti. Qilleensi naannoo dhiibbaa ol’anaa fi dhiibbaa gad bu’aa yaa’insa marsaa walitti fufiinsaa qilleensaa taasisa.

4.3  Ka’umsa Haala Qilleensaa (factors/elements of weather)

Haalli qilleensaa, haala fiizikaalaa atimosferii bakka murta’aa fi battala yeroo murta’aa (Teempireechera, dhiibbaa atmosfarii, jiidha atimosferii keessaa,fi kkf) haammata.

Haala qilleensaaf ka’umsa kan ta’an akka armaan gadiitti kan tarreeffamani dha. Isaanis Teempireechera qilleensaa ,dhiibbaa qilleensaa, bubbee , jiidha atimoosferii keessaa fi duumessa atimoosferii keessaa ti.

4.4  Marsaa Bishaanii fi Duumessa

  • Marsaa bishaanii

Marsaa haayidirolojikaalaa ykn marsaa H2O, jedhamu ta’ee kan sochii walitti fufinsaan lafaa oli, lafa irra fi lafa keessa jiru ibsa. Anniisaan soolaarii fi hurki bishaan atimoosferii keessa marsaa bishaan addunyaatiif isaan bu’uuraa fi barbaachisaa ta’anii dha. Tartiibni hurkii rooba itti ta’us akka armaan gadiitti ka’ameera.

Hurka→ hurrii →duumessa→kondenseshenii→rooba

  • Duumessa (Cloud) Gosa kondenseshenii kan akka copha bishaan muli’atu, suudoolee cabbii fi makaa suudoolee owwaara’oo ta’ee dha. Duumessi olka’iinsa lafaa olitti qabanii fi uumama qaamni isaa fakkatu(appearance) isaanii irratti hunda’uun qoqqoodamuu danda’u.Isaanis: Kirr (cirr-high)-rifeensa maraa , Altoo (alto-mid), Istraatoo (strato), Nimboo       ( Nimbo-rain)- rooba,prisipitashenii , fi Kumuloo (cumulo) – boca kubbaa maramaa ramadamu.

4.5    Zoonii qilleensa barmaa gurguddoo addunyaa fi jijjirama haala qilleensaa.

Qilleensa baramaan waligala addunyaa,qilleensa baramaa gilobii guutuu dachee irra jiraannuuti.

4.5.1 Qilleensa baramaa addunyaa (Global climate )

Zoonin qilleensa baramaa addunyaa bakka gurguddo sadiitti qoodamu. Isaanis: Zoonii qilleensa baramaa tiroopikaalii, zoonii qilleensa beekamaapoolarii (bantii lafaa) fi zoonii qilleensa baramaa tempireetii jedhamuun beekama.

4.5.2. Jijjiirama haala qilleensaa (Change of wather)

Jijjirama haala qilleensaa keessatti Teempireechera fi pirispitashanii ykn jiidhi atimoosferii nannoo kennametti argamu vaari’ebiloota bu’uuraati.

4.6  Haala qilleensa hamtuu (sever waeather)

Haala qilleensa hamtuu (sever waeather) jalatti wantootni ramadaman Qaqqawwee (thunderstorm), Bakakkaa (lightening), Tornaadoo fi Huriiken (Hurricane) dha.

4.7  Dhiibba taateen dhala namaa haala qilleensaa fi qilleensa beekamaa irratti qabu.

Faalama qilleensaa , taatee haguuggii magariisaa fi gammoojjessu hojii taatee dhala namaatiin dhiibba haala qilleensa fi qilleensa baramaa irraan ga’u keessaa isaan gurguddoodha.

  • 4.7.1 Faalama qilleensaa

Yeroo ammaa bara guddina warshaalee kana keessatii qilleensi haala suukkeenneessaa ta’ee aara warshaalee keessaa ba’uun faalamaa jira. Saffisaan guddachuu baayy’ina uummata addunyaa fi babali’achuu warshaalee (industrialization) dabalatee haala yaaddessa ta’ee fi sadarkaa baqqaana oozooni haphisee tarsaassun ga’utti atimoosferiin faalamaa jira.

4.7.2 Taatee haguuggii magariisaa

Olka’insi ho’a addunyaat sababa olka’insa Teempireechera addunyaa ho’ina addunyaa (global warming) jedhama. Ho’inni addunyaa kun taatee haguuggii magariisaa jedhamu danda’ama. Sababni olka’ina gaasii haguuggii magariisa keessatti dhalli namaa isa hangafa ta’a. Gaasonni haguugiin magariisaa karbon-daayoksaadii (CO2), hurka bishaanii (H2O) , miteenii (CH4) , ozoonii (O3) fi CFC qaba. CFC irraa kan hafe hundii isaani sirri kan ta’anii dha.

Of-madaallii boqonnichaa

Gabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T. LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaa da
1Qabiyyee atimoosferii lafaa ibsuu danda’een jira.   
2Caasalee atimoosferii lafaa tarreessuu danda’een jira   
3Barbaachisummaa atimoosferii lafaa addan baafadhee beekeen jira   
4Marsaa qilleensaa fi bubbee hubatun jira   
5Zoonii qilleensa beekamaa addunyaa addaan baafadheen jira.   
6Marsaa bishaanii fi duumessa addaan baafadheen jira.   

Boqonnaa 5  Ji’oloojii Dachee

Ga’umsa YXGQ: Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Tamsa’ina fi ruqolee hangi lafaa irraa ijaarame ni ibsu
    • Albudaalee ni addeessu
    • Kirkira lafaa fi volkaano ni ibsu.

5.1  Tamsa’ina fi ruqoolee hanga lafaa

Waantoota dachee bal’aan kun irraa tolfamte inni guddaan albudaalee dha. Kanaafuu waa’ee lafaa fi wantoo isheen irraa tolfamte ilaaluuf albudaalee lafaa qorachuun barbaachisaa ta’a.

Atimoosferii lafaa: Ijaarsa qaama laafaa keessaattis atimoosferiin qoodaa ni qabaata. Lafti atimoosferii naayitroojinii 78%, oksiijinii 21%, Ar, CO2, CH4 ,H2O CO SO2 fi kanneen biroo 1% ta’an irraa ijaarame qadi.

Maateeriyaalota lafaa: Maateeriyaalonni lafaa elemntoota haala adda addaatiin walitti makamaani irraa ijaarme. Kompaawudoota orgaanikii-kompaawwudoota kaarboonii of keesaa qaban. Fakeenyaaf muka, haftee lubbu qabeeyyii, boba’aa, kasala kkf.

  • Albuudaalee: Kutaa jajjaboon lafaa irra caalaan isaa albuudaalee irraa ijaraman. Waatoon tokko albuuda dha jennu uumamaan kan argamu, wanto inorgaanikii ,haala beekamaa keessatti ;bishaan irra kan hafe faalkaa jajjaboon kan jiraatuu fi maateriyala qulqulluu; dirqama keemikaala gos tokkee irra kan ijaarame ta’u qaba.

5.3  Kirkira lafaa (earth quakes)

Kirkirri lafaa hoollannaa uumamaa kirestii fi keessoo lafa keessa akka tasaa daddarbuu dha. Ciminni kirkira lafaa meeshaa sismogiraafii jedhamuun safarama. Kirkirri lafaa dambalii sismikii bakka gurguddoo sadiitii qoodamu. Isaanis

  1. Dambalii–P:- Dambalii loongitiyudinaalii ta’ee dursa sismogiraafii waan ga’aniif dambalii dursaa (primary wave) ykn dambalii P jedhamuun beekama.
    1. Dambalii-S:- gosa dambalii tiraanisversii. Dambaliin-S dambalii P tti aanuun waan sisimoogiraaf ga’aniif dambalii lammaffaa (secondary wave) ykn dambalii S jedhamuun beekamu.
    1. Dambalii-L: – dambaliin kun dambalii bishaaniin kan walfakkaatan ta’ee, kirestii lafaa  irra daddarbu. Dambaliin-L gosa dambalii kanneen waantoota gamoo, karaa, manaa fi meeshaalee irratti maca’insaa fi balaa geessisani dha.
    1. Volkaanoo (volcanoes) : Maagimaan – maateriyaalii fi kattaalee baqaa keessoo lafaatti argamu dha. Maagimaan lafa keessaa ol ba’ee dachee lafa irra ga’e laavaa jedhama. Laavaan qorruun jabaate kattaa iginiyesii ta’a. Ta’iin adeemsa maagimaan laavaa ittiin ta’u volkaaniizimii jedhama.

Qaawwi boca kamiyyuu qabaatee karaa maagimaan gara lafati ittiin ol ba’uun laavaa uumu volkaanoo jedhama. Volkaanoon ta’ii isaa irratti hundaa’uun bakka sadiitti qoqqoodama.

  1. Volkaano qophee (active volcano) ii. Volkaano riphaa (extinct volcano) iii.Volkaanoo hadoodaa (dormant volcano)

Of-madaallii boqonnichaa

Gabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T. LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaa da
1Tamsa’ina fi ruqolee hangi lafaa irraa ijaarame hubadheen jira.   
2Albudaalee jechuun maal akka ta’e hubadheen jira.   
3Kirkira lafaa fi volkaano addaan baasee ibsuu danda’eera.   

Boqonnaa 6 Sirna solaarii (Sirna Aduu)

Ga’umsa YXGQ: Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Haala uumama(argama) sirna solaarii ni ibsu.
    • Amala aduu fi uumama ishee ni ibsu.
    • Seera keeppilari sochii pilaanitootaa ni tarreessu.
    • Astirooyidoota, koometoota, meeti’oorooyidoota ni ibsu.
    • Pilaanitoota keessoo fi alaa addan baasanii ni addeessu.
    • Garaagarummaa pilaanitoota teresteriyaalii fi pilaanitoota jooviyaanii adda ni baasu.

6:1 Uumama sirna solaarii: Yaada ammayyaan yaadi hiddamni inni dhiyoo sirni solaarii waggoota biiliyoona 4.6 dura duumessa interisteriyaalii, walitti qabama gaasii fi owwaara guddaa naanna’u irraa uumame jedha. Duumessa interisteriyaalii walitti qabama gaasii fi owwaara marsuu ti.

Sochii pilaanitoota sirna solaarii: Bara durii saayintistoonni Giriik baay’een isaanii pilaanitoota, aduu, urjiilee fi ji’i daandii isfiirikalaa mataa isaaniin dacheetti marsu jedhanii barsiisaa turan. Haaluma kanaa taateen kuni moodela dachee giddugaleessaa sirna solaarii jedhama. Haata’u malee bara 1543tti Nikolaas Kopparnikas yaada dacheen pilaanitii ta’uu fi  aduu kan marsitu ta’uu yaad-hiddama isaa kaa’e.

Jalqaba 1600 keessa beekaan herregaa Yohaannis Keeppilar orbiitii pilaanitoonni irra socho’an qorachuun daandii pilaanitoonni irra socho’an geengawoo otoo hin ta’iin baca killee(illipitikaalaa) akka ta’e argate.

6.2 Aduu : Aduun urjiilee keessaa ishee tokko taatee handhuura sirna solaarii ta’uun qaamoleen sirna solaarii biroo pilaanitoota, saataalayitoota astirooyidoota koometoota, meeti’oorooyidoota fi qaamolee biroo marsani dha. Aduun baqqaana (zoonii) sadii qabdi. Isaanis koorii, zoonii madanaa fi zoonii koveekshinii ti.

Astiroonomeroonni kutaa ala aduu (atimoosferii aduu) baqqaanota sadiitti qoodaniiru. Isaanis fotoosferii (photosphere), kiroomoosferii (chromosphere) fi koronnaa (corona) dha.

Qilleensa solaarii (Solar winds): Qilleensi solaarii taate naannoo aduutti taasifamu keessaa isa tokko ta’ee dho’insi annisaa ruuqolee gara ipeesiitti ykn hawwaatti wayita darbatu uumamu dha.

Pirominaansota solaarii (Solar prominences): Waantota diddiimoo ifa fakkaatan koronnaa irraa furguggifaman Pirominaansota solaarii jedhamu.

6. 3 Seera Sochii Pilaanitootaa Keeppilarii fi Seera Humna Harkisaa Waliigalaa Niwutoon

6.3. 1 Seera Sochii Pilaanitootaa Keeppilarii

Seera sochi pilaanitootaa Keeppileer 1ffaa (Seera Illipsii): Illipsiin marfata addaa ida’amni fageenya tokko marfata irraa gara tuqaa biroo marfatichaatti irraa dhaabbataa ta’e dha. Seera sochi pilaanitootaa Keeppileer 2ffaa (Seera Bal’ina Wal-qixaa): Seerri kun yeroo tokko tokko seera bal’ina walqixaa yoo jedhamu, saffisa pilaantoonni ittiin aduu marsan kan ibsu dha.

Seera sochi pilaanitootaa Keeppileer 3ffaa (Seera Walitti dhiyeenyaa)

Seerii kun yeroo tokko tokko Seera walitti dhiyeenyaa (harmonies) jedhamuun beekama.

6.3. 2 Seera Humna Harkisaa Waliigalaa Niwutoon

Seera humna harkisaa waliigalaa (humna hundoomaa) Niwutoon fi seerri sochii Niwutoon furmaata shallaggii sochi pilaanitootaaf gargaaru bu’uura kaa’aniiru. Niwutoon otoo muka jala boqotee jiruu appiliin mataa isaa irra bu’uun rukkute ka’umsa godhachuun yaadni qaamni hawwaa (universe) keessa jiran hundi wal-harkisa jedhu gara isaa dhufe. Bu’uuruma kanaan appiliin dacheen harkifamte jedhee eeruu isaa kaa’e. Humni wal harkisu kun baay’ifamaa hangoota lamaan waliin hariiroo kallattii sirrii yoo qabaatu, iskuweerii fageenya isaan gidduu jiru waliin hariiroo fuggisoo qaba kan jedhu dha. Hima herregaan yoo kaa’aman:

F µ m1m2

G          d 2

Þ FG

G m1m2

d 2

6.4    Pilaanitoota (Amaloota ijoo tokkoon tokkoo pilaanitootaa)

Sirna solaarii keessa pilaanitoota saddetitu jiru. Isaanis aduutti dhiyyo irraa gara fagoottii Meerkurii, Veenusii, Dachee, Maarsii, Juppitarii, Saataarnii, Yuraanusii fi Neptunii dha.

  1. Meerkurii: Pilaanitoota keessaa ishee aduutti baay’ee siiqxeee argamtuu fi  hammaan ishee baay’ee xinnoo taate dha.
  2. Veenusii: Veenusiin aduurraa gara alaatti pilaanitii ishee lammaffaa dha.Veenusiin pilanitii dacheetti baay’ee siiqxee argamtu dha.
  3. Dachee(Lafa): Dacheen aduurraa ishee sadarkaa sadaffaa irratti argamtuu fi guddinaan sadarkaa shanaffaa irratti kan argamtu dha.
  4. Maarsii: Maarsiin aduu irraa pilaanitoota ishee fageenyaan sadarkaa arfaffaa irratti  argamtu yoo taatu dacheetti siqeenyaan pilaanitii ishee lammaffaa dha.
  5. Juppitarii: Juppitariin pilaanitoota keessaa ishee baa’yee guddoo taatee fi aduurraa fageenyaa sadrkaa shanaffaatti argamtu dha.
  6. Sataarinii: Sataarniin aduurraa pilaanitii isa jahaffaa ta’ee Pilaanitoota sirna solaarii keessaa guddinaan isa lammaffaa dha.
  7. Yuraanusii: Yuuraanusiin fageenyaan aduurraa pilaanitii isa toorbaffaa yoo ta’u guddinaan pilaanitii isa sadaffaa dha.
  8. Neptiyuunii: Neptiyuuniin pilaanitii sirna solaarii keessaa isa bay’ee fagoo ta’e dha. Akkuma pilaanitoota alaa biroo(Juppitarii, Saataarnii fi Yuuraanusii) Neptiyuuniin gaasawoo dha.

6.5    Pilaanitoota Teresteeriyaalii fi Jooviyaanii(Terresterial Vs Jovian Planets)

Pilaanitoonii arfan gara duraa (Meerkurii, Veenusii, Dachee Fi Maarsii) pilaanitoota teresteeriyalii (kan Dachee fakkaatan) yoo jedhaman, pilaanitoonni kun baay’inaan kattaa fi sibiiloa irraa kan uumaman yoo ta’an, baay’inaan jajjaboo dha.

Kanneen gara alaatti hafan arfan (Juppitarii, Saataarnii, Yuraanusii fi Neptunii )immoo gaasiiawoo gurguddoo(gas giants) yoo ta’an pilaanitoota jooviyaanii (Juuppitarii fakkaatan) jedhamu.

6.6    Astirooyidoota, Koometootaa fi Meeti’ooritoota

  1. Astirooyidoota:Astirooyidiin dhagaa caccabaa meeshaa dheedhii pilaanitoonni irraa tolfaman waliin kan walfakkatu dha. Sababa kanaaf yeroo tokko tokko pilaanitoota xixiqqoo jedhamuun waamama.
  2. Koometoota: Koometoonni owwaaraa fi suudoolee(particles) caccaboo dhagaa bishaan cabbaa’aa, metteenii fi amooniyaan makaman irraa kan ijaaramani ta’anii kanneen aduu marsan keessaa isaan tokko dha.

iii.         Meeti’oorooyidoota, Meeti’oorota fi Meeti’oorayitoota (meteoroids, meteors and meteorites)

Koometoonni aduutti siiquun marsuu heddu erga taasisanii booda ni caccabu. Cittuun xixiqqoon niwukilasii koometii niwukilasii haadhoo biratti yoo ilaalamu akka waan dhabamsiisameetti fudhatamanii fi ispeesii keessa socho’an kun Meeti’oorooyidoota jedhamu. Meeti’oorooyidoonni atimoosferii dachee keessatti baquun hurkan ammoo meeti’oorii jedhama.

Namoonni baay’inaan kana kan arguu danda’an yoo ta’u urjiilee dukkanaa’oo barrisan jedhanii waamu. Yeroo yerootti hambaa suudoolee dhagaa koometii irraa harca’anii dachee qaxxaamuruun suudoolee xixiqqoo dhagaa fi owwaarri atimoosferii dachee seenu. Yeroo kanatti

meeti’ooronni kan duraan mul’atan caalaa argamu. Kun immoo coccoba(tiifuu) meeti’oorii jedhama. Yeroo meeti’oorooyidoonni baay’ee gurguddoo ta’an atimoosferii dachee keessatti guutummaan baquu dhiisuu danda’u. Meeti’oorooyidoonni otoo hin baqiin hafan kun dacheen keessa yoo darbitu dachee rukutuu(dacheetti bu’uu) danda’u. Kunneen immoo meeti’ooraayitii jedhama.

6.7  Amala waliigalaa keemikaalaa fi Sochii(Dynamic) sirna solaarii

Yeroo ammaa Gamtaan Astiroonoomeroota Internaashinaalaa(IAU) walii galanii akka kaa’anitti pilaanitoonni sirna solaarii saddeet ta’anitu jiru. Pilaanitoonni kunis garee lamatti pilaanitoota keessoo fi alaa jedhamuun yoo qoodaman, pilaanitoonni alaa pilaanitoota keessoo caalaa gurguddoo ta’anii baay’inaan qabiyyeen isaanii haayidiroojinii, heeliyemii fi cabbii akkasumas kaarboondaayi-oksaayidii Maarsiif waan ta’eef pilaanitoota gaasawoo fi gaasawoo gurgudddoo jedhamu.

Of-madaallii boqonnichaa

Gabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T. LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaa da
1Haala uumama(argama) sirna solaarii ibsuu danda’een jira.   
2Amala aduu fi uumama ishee ibsuu danda’een jira.   
3Seera keeppilari sochii pilaanitootaa tarreessuu danda’eera   
4Astirooyidoota, koometoota, meeti’oorooyidoota addaan baafadheera   
5Pilaanitoota keessoo fi alaa addan baafadheen jira.   
6Garaagarummaa pilaanitoota teresteriyaalii fi pilaanitoota jooviyaanii adda baafadheen jira.   

Boqonnaa 7 Urjiilee fi Gaalaaksota

Ga’umsa YXGQ: Xumura boqonnaa kanaa irratti kaadhimaamaan/tuun

  • Haala uumamaa fi qabiyyee urjii ni ibsu.
    • Haala qoodinsa urjiilee ni tarreessu.
    • Haala marsaa jireenya urjiilee ni himu.
    • Maalummaa galaaksii ni himu.
    • Haala qoodinsa galaaksii ibsu.
    • Konstillashinii fi gaalaaksii adda ni baasu

7.1  Uumamaa fi Qabiyyee Urjiilee

Uumamni urjiilee ruuqoleen gaasii fi owwara humna harkisaa wal-irratti dalageessisuun neebullaan walitti kottonfachuu eegala. Teempireecherri handhuura neebullaa keessaa naannoo 107 0c yoo ga’u walitti makamuun eegaluun annisaa karaa gaasii qabbanaa’aa gara alaatti baha. Akkuma gaasiin kun gara ispeesiitti baheen urjiileen dhalatu. Qabiyyeen urjii baay’inaan haayidiroojinii fi heeliyemii yoo ta’u gaasonni kuneen humna harkisaan walitti qabamuun gara handhuuraa gidduutti rukkatanii argamu.

7.2  Gurmii Urjiilee (Constellations)

Astiroonoomeroonni durii grmii ujiilee samii keessatti akkaataa walitti dhiyeenya isaaniitti qooduun bineensotaa, taateewwanii fi waantota beekamoo tokko tokkon moggaasaa turan. Yeroo ammaa kana astiroonoomeroonni samii naannoo gurmii urjiilee 88tti qoodaniiru. Gurmiin  urjiilee kudha lamaa(12)n bu’uura dachee fi ji’a ishee waliin kan wal-qabatuun moggaasa zoodiyaakii(zodiac) jedhamuun jalqaba adda bahaniiru.

Astiroonoomeroonni urjiilee halluu fi teempireechera isaanii irratti hundaa’uun qoodaniiru. Bu’uuruma kanaan Morgaan Keenaan(MK) teempireechera ol’aanaa irraa gara gadi aanaatti qubee bakka buusuun, wal-duraa duubaan O,B,A,F,G,K fi M kaa’eera.

7.3  Qoodinsa Urjiilee

Astiroonoomeroonni xiinxala mala ispeektirooskoppii gargaaramuun urjiilee haala halluu fi teempireechera isaanii irratti hundaa’uun qoodaniiru. Bu’uuruma kanaan ispeektiraa fi teempireechera isaanii irratti hundaa’uun gartuulee gurguddoo toorbatti yoo qoodan, kanas akka sirna Morgaan Keenaan(MK)tti qubee bakka buusuun teempireechera ol’aanaa irraa gara gadi aanaatti wal-duraa duubaan O,B,A,F,G,K fi M kaa’eera. Bu’uuruma kanaan urjiin baay’ee ho’aa ta’e O yoo ta’u inni baay’ee qorraa ta’e immoo garee M keessaa ta’a jechuu dha. irraa gara

7.4  Marsaa Jireenya Urjiilee

Akkuma waantota dachee kanarra jiran jijjiraman urjiileenis yeroo yeroon ni jijjiramu. Haaluma kanaan urjiileen ni dhalatu, ni jiraatu, ni du’us. Haa ta’u malee marsaan jireenya urjiilee kun waggota miiliyoona yookiin biiliyoonatti lakkaa’aman turuu danda’a. Urjiileen neebullaa keessatti duumessa gaasawoo fi owwaara irraa akka dhalatuu fi gaasonni kun baay’inaan haayidiroojinii fi heeliyemii waantotni biroo muraasni wal-nyaatinsa gaggeessuun fi humna harkisan dhalachuu danda’u Marsaan jireenya urjiilee kan murtaa’u hanga isaaniin. Hangii fi turtiin jireenya urjiilee hariiroo fuggisoo qabu. Haaluma kanaan inni hanga guddaa qabu marsaa jireenya gabaabaa qaba, inni hanga xinnaa qabu immoo marsaa jireenya dheeraa qaba.

7.5  Gaalaaksii fi Qoodinsa Isaanii

Gaalaaksiin walitti qabama urjiilee hedduu(biiliyoonotaan lakkaa’aman), gaasii fi owwaara humna harkisaan walitti qabamanii ti. Boca isaa irratti hundaa’uun gosoonni gaalaaksii gurguddoon sadii ta’anitu jiru. Isaanis gaalaaksii illipitikaalii, gaalaaksii ispaayiraalii fi gaalaaksii boca sirnaawaa hin qabne dha.

7.6  Yuunivarsii (Universe)

Yuunivarsiin waanta yeroo, ispeesii fi qabiyyee isaa hundaa pilaanitoota, urjiilee, gaalaaksota, waantota urjiilee gidduutti argaman biroo, kutaalee citaa atomii, maateroota hundaa fi annisaa of keesaatti kan haammatu yoo ta’u, haammi yuunivarsii hundi hin beekamu, kan lakkaa’amu(safaramu), yookiin hinsafaramne ta’uu danda’a.

Yuunivarsiin waanta yeroo, ispeesii, pilaanitoota, urjiilee, gaalaaksota, waantota urjiilee  gidduutti argaman biroo, kutaalee citaa atomii, maateroota hundaa fi annisaa of keesaatti kan haammata. Akkaataa uumama yuunivarsii ilaalchisee yaad-hiddamoonni gurguddoonni lamatu jiru. Isaanis yaad-hiddama Big Bang fi yaad-hiddama marsaa (duraaduubaa) yuunivarsii ti.

Of-madaallii boqonnichaaGabatee asii gadii keessa himamsoota jiran ittan waliigala yoo jette kutaa ittan waliigala jedhu jalatti mallattoo (x) itti walii hin galtu ta’e ammoo kutaa itti walii hin galu jedhu jalatti mallatoo (x kaa’i.)

T. LHimamsaIttan walii galaItti walii hin galuYaa da
1Haala uumamaa fi qabiyyee urjii ibsuu nin danda’a.   
2Haala qoodinsa urjiilee tarreessuu danda’een jira.   
3Haala marsaa jireenya urjiilee himuu danda’eera.   
4Maalummaa galaaksii himuu danda’eera.   
5Haala qoodinsa galaaksii ibsuu danda’een njira.   
6Konstillashinii fi gaalaaksii addaa baafadheen jira   
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.