General Chemistry I – Chem 211

Koorsii : Keemistirii waliigalaa I Lak.Koorsii : Chem. 211
Cr-hr fi kontaakti hr: 3/6
Korsii dursaa: BNSc 101 fi BNSC 102
Barbaachisummaa: koorsiin kun barnoota saayinsii qindaa’aa 5-6 dippiloomaaf barataniif barbaachisa.
Ibsa Koorsicha
Koorsiin kuun piriinsipiloota bu’uuraa keemistirii fi yaad-rimee bu’uuraa barnoota keemistirii; barnoota keemistirii, maaterii fi annisaa, waantota, hiikkaa saayinsii, tooftaa saayinsaawaan rakkoo furuu, safara saayinsii, caasaa atoomii maaterii, caaseffama elektiroonii atoomii, ramaddii gabatee pereedikii elementootaa, hidhoo keemikaalaa, caasaa kompaawundootaa fi foormulaa keemikaalaa hammata.
Kaayyoo Koorsichaa
Leenjifamtoonni erga koorsii kana xumuuranii booda:
 Mala baruufi barsiisuu barataa giddu-galeeffate keemistirii barsiisuu keessatti ni fayyadamau;
 Hiikkaa saayinsii fi kaayyoo waliigalaa keemistirii kennu;
 Hiikkaa keemistirii fi bal’ina keemistirii ni kennu;
 Dameewwan gurguddoo keemistirii ni himu;
 Keemistirii barnoota saayinsii birootti firoomsu
 Bu’aa keemistiriin hawwaasummaa fi oomisha keessatti qabu ibsu;
 Safara saayinsawaa fi SI ni fayyadamu;
 Maaterii fi annisaa ibsuu ni danda’u;
 Amaloota waantotaa ni kennu;
 Maaterii qooduu ni danda’u;
 Seenaa dagaagina Yaad-hiddama atoomii ni ibsu;
 Atoomiik ispeektiraa fi jiraachuu annisaa hamma dhaabbataa ni ibsu;
 Raabsaa elektiroonii atoomii ni hojjetu;
 Amaloota jijjiirama garee fi tarree
 Amaloota hidhoo keemikaalaa fi haala uumamuu hidhoo ni ibsu;
 Boca fi haala teesuma molekuloota adda addaa ni ibsu;

 Foormulaa keemikaalaa seera irratti hundaa’uun ni barreessu;
 Foormulaa keemikaalaa kompaawundootaa barreessuu ni danda’u;
 Tooftaa agarsiisa saayinsii, qindeessuu ni baru

BOQONNAA TOKKO

  1. YAAD-RIMEEWWAN BU’UURAA KEEMISTIRII

SEENSA

Barnoota keemistirii darban keessatti keemistiriin waa’ee maaterii fi amaloota maaterii akka qoratu baratanii akka turtan ni abdatama. Boqonnaa kana keessatti ammooo waa’ee yaad- rimee bu’uuraa keemistirii gadifageenyaan ni baratta.
Kaayyoo Boqonnichaa
Leenjifamtoonni boqonnaa kana erga xumuranii booda:

Hiika keemistirii fi dame gorguddoo keemistirii ni kennu,
Faayidaa keemistiriin oomishtummaa fi guddina hawwasaa irratti qabu ibsu, Hariiroo keemistirii fi fiiziksii, baayooloojii fi ji’ooloojii ni ibsu,
Faayidaa keemistiriin dameewwan qonnaa, mediisinii, oomisha nyaataa, fi ijaarsa gamoo irratti qabu ibsu,
Idistiriiwwan keemikaalaa bebbeekamoo Ittoophiyaa keessaa ibsu, Seenaa dagaagina keemistirii ibsu,
Safara dubbisuu fi meeshaalee safaraa sasalphaa tokko tokkotti fayyadamuu danda’u.
1.1. Barnoota Keemistirii

Saayinsiin damee bal’aa ta’e qabu gosoota barnoota adda addaatti akka xiyyeeffannoo isaaniin qoodamuu danda’u. kanneen keessaa fiiziksii, baayooloojii, gi’ooloojii, loojikiin ta’uu danda’u. keemistiriin gosoota barnoota armaan olii keessaa tokko dha.
Leenjifamtoota, kutaalee gadii keessatti waa’ee saayinsii hamma ta’e baratanii beektu. Mee saayinsiin maal akka ta’eefi ga’ee inni guddina ykn misooma fi hawaasummaa biyya tokkoo irratti himuu dandeessuu? Baayyee gaarii dha.

1.2. Saayinsiin Maali?

Saayinsiin bakka gurguddaa lamatti qooduun ni danda’ama. Isaaniis saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaa jechuun ni danda’ama.

Leenjifamtoota, gosoota barnootaa saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaa jalatti qoodaman adda baastanii qooduu ni dandeessu miti? Gaariidha.

1.3. Hiika Keemistirii

Keemistiriin dameewwan saayinsii uumamaa keessaa tokko ta’e, waa’ee maaterii fi jijjiiramootaa maaterii, qabiyyee fi amaloota maaterii kan qo’atu dha. Jijjiiramoonni kuuniinis yaalii irratti hundaa’anii qo’atamu. Kanaafuu, keemistiriin saayinsii yaalii jedhama.Waantoni dachee irra jiran keessaa kan hangaa fi qabee qaban maaterii jedhamu. Fakkeenyaaf, waantoota jireenya namaatiif barbaachisan akka qilleensaa, bishaanii, biyyee, aLMuudotaa fi lubbu qabeeyyiin maateriidha. Keemistiriinis saayinsii waa’ee maaterii qo’atu waan ta’eef, jireenya dhala namaa keessatti ga’ee guddaa qaba.

1.4. Dameewwan Gurguddoo Keemistirii

A. Keemistirii Analaayitikaalaa

Keemistiriin analaayzikaalaa dame keemistirii ta’ee waa’ee gosaan fo’uu addaan baasuu akkasumas hamman wantoota adda addaa barbaaduu irratti kan xiyyeeffatu dha. Kunis kara lamaan taasifama.
i. Gargar fo’uu gaosa akaakuu wantoota irratt hundaa’e
ii. Gosaan fo’uu hanga (quantity) wantootaa irratti hundaa’e dha.
B. Keemistirii Fiizikaalaa
Damee keemistirii ta’ee waa’ee caasaa maaterii, jijjiirama annisaa maaterii, seera fi heera jijjiirama maaterii fi yaad-hiddama jijjiirama maaterii kan qo’atu dha.

Fkn:Haala jijjiirama falkaalee wantoota ni qo’ata

C. Keemistirii Orgaanikii

Damee keemistirii waa’ee Kompaawundoota kaarbonii hedduu isaanii (haayidiroo kaarbonootaa fi dhaalamoota isaanii kan qo’atu dha.

D. Keemistirii Inorgaanikii

Damee Keemistirii ta’ee kan waa’ee amala elementootaa fi Kompaawundota warren orgaanikii hin ta’in hundaa qo’atu dha.

E. Baayoo-Keemistirii

Damee keemistirii ta’e shoora keemistiriin lubbuu qabeeyyii keessatti qabuu fi adeemsota wal nyaatinsaa faayidaa qabeessa moliikuulotaa lubbuu qabeeyyii keessatti jiranii qo’ata.

F. Keemistirii Kuwaantamii

Damee keemistirii ta’ee waa’ee annisaa amala fi bakka itti argama elektiroonii atoomii (caaseffama elektiroonii aloomic) ykn annisaa elektiroonii marama (shell) murtaa’aa ta’uu isaa ibsa.

G. Keemistirii Nuukulaaraa

Waa’ee walnyaatinsaa nuukulaaraa fi faayidaa isaan keemistirii keessatti qaban, akkataa annisaa wirtuu atoomii irraa tamsa’uudhaan hojjatamu, akkataa tasuma addaaan tamsa’uu wirtuu atomi elementoota raadiyooaktiivii irraa calaqqee uumuun fi kkf qo’ata.
Fkn ;- Meeshaaleen nuukulaaraa elementii yuraaniyeemii irraa akka itti omishamu kitaabota dubbisuun ibsa.

H. Keemistirii Naannoo

Dameen keemustirii kun ammo bu’aa faayidaa fi dhibbaa keemistiriin Oomisha nannoo fi lubbuu qabeeyyii irraan ga’uu danda’u qo’ata.

Fkn-Waa’ee faalama qilleensaa, bishaanii, biyyee fi bu’aa oomishaa fi dhiibbaa isaan kan akka xaa’oo dawaa lubbuu qabeeyyiif Oomishaman faayidaa isaan qabaniif rakkoo isaan lubbuu qabeeyyii nannoo irratti geessisuu danda’an qo’ata.

Baayyeen gosota keemistirii warreen jalqabaa shanan jedhanii yeroo hedduu yoo qoodan illee, dameewwan xixiqqaan kanneen akka, keemistirii maateraalii, keemistirii yaada hiddamaa, keemistirii poolimerii, keemistirii nuukilaarii, meetaalaarjii, keemistirii fooreensikii, keemistirii fayyaa fi kkf jalatti hammatamuu.

1.5. Seenaa Guddina Keemistirii

Keemistiriin seenaa dagaaginaa dheeraa yoo xiqqaatee waggoota 4,000 baroota hojii Filoosoferoota Giriikii fi Misiraan dura kan lakkoofsise dha. Jechi isaas jecha “alkeemii” jedhu, kan dameewwan saayinsii biro akka astirooloojii, meedisinii, barnoota amantii faa waliin kan wal unee jiru irraa kan dhufedha. Yaad-rimeen keemistirii bifa ammayyaan kan argame suuta suuta jaarraa 18ffaa – 20ffaa ti dha.
1.6. Hariiroo Keemistirii Fi Saayinsiiwwan Biroo

Leenjifamtootaa, keemistiriin saayinsiiwwan biro waliin ni qaba? Kan beektan raayyaa keessaniin irratti marii’adha mee.
Keemistiriin dameewwan saayinsii uumamaa fi saayinsii hawwaasaa waliin hariiroo guddaa qaba. Hariiroon keemistiriin saayinsiiwwan adda addaa: baayooloojii, fiiziksii, herregaa, ji’oogiraafii, seenaa, seera, mediisinii fi kkf waliin qabu gareen irratti dareef gabaasi.

1.7. Ga’ee Keemistiriin Oomishaafi Hawaasummaa Keessatti Taphatu

Ogummaan keemistirii dinagdee biyya tokkoo guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ogummaan keemistirii warshaalee xixiqqoo fi gurguddoo keessatti barbaachisaadha. Fakkeenyaaf sibiilonni, mi’oonni manni ittiin ijaaramu, xaa’oon, qorichi (daawaan), waraqaan, saamunaan, dhugaatiin adda addaa, asiidonni, beezonni, uffanni fi kkf firii ogummaa keemistiriiti. Ogummaa keemistirii fayyadamuun balaa adda addaa tasa ykn uumamaan naannoo irratti gahu hanbisuun ykn hir’isuun ni danda’ama.

  1. Safara Keemistirii Keessatti

Keemistoonni waantota kan adda baafatanii amaloota isaanaan addatti qaban fayyadamuun dha. Amaloota waantotaa hedduu ta’an kanneen adda baafachuuf qaamolee safaratamtootaa fiizikaalaa barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf buLMulamummaan waanta tokkoo 0.252g/g yoo jedhame, 0.252g waantichaa 100g bishaan keessatti buLMulamuu danda’a jechuudha. Amaloonni akka buLMulamummaa kuun waantota adda baasuuf gargaaru jechuudha. Laabooraatorii ammayyaa keessatti, safara baayyee fi walxaxaan geggeeffama guruu yaaliiwwan hedduun safaratamtoota sasalphaa akka; hangaa, qabee, yeroo, kkf irraa eegala.

2.1. Hiikaa Safaraa

Saayinsiin kami iyyuu waantota daawwataman hammaan osoo hin gabaasiin baayyee deemuu hin danada’u. Kana jechuun saayinsii keessatti safari baayyee barbaachisaa akka ta’e dha. Saffarri, qaamolee safaratamtootaa fiizikaalaa safaraman yuunitii waliin waLMira qabanii ilaaluu jechuu ykn waanta duraan beekamee waliin waLMira qabuu jechuu dha. Iskeelii cm irraa, cm yuunitii istaandaardii dha. Safara keessatti lakkoofsii fi yuunitiin dirqama

barbaachisoo dha. Fakkeenyaaf, uleen istiilii safari isaa 9.12 baayyataa cm dheeratu 9.12cm dha.

2.2. Yuunitii SI, Dursoo fi Yuunitii Dhaalamaa

Yuunitiin qaama safaraa keessaa isa baayyee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, sirni keemikaalaa tokko sadii (3) ho’ifame yoo jedhame, yuunitiin (sa’aa, sekoondii, daqiiqaan) waliin hin jiru taanaan hiika hin qabu. Yeroo jalqabaaf safarii hojii irra oole tarii qaama namaa ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf dheerina safaruuf dhundhuma, tarkaanfii ta’uu danda’a. Yeroo booda qaamoleen kuun istaandaardii ta’anii waliigalame garuu kunniin iddoo ti gara iddootti garaagarummaa qabu. Saayinsiin akka guddachaa deemeen jaaraa 17ffaa fi 18ffaa keessa yuunitiin walta’aan dhabamuun rakkoo guddaa ta’e. Kanaaf, bara 1791 koreen akkaadaamii saayinsii yuunitii walta’aa sirna meetirikii (SI) jedhamu abuure. Sirni meetirikii kuun akka waliigalaa addunyaatti fudhatame hojii irra oole. Yeroo jalqabaatiif yuunitiiwwaan kan qaamolee safaratamtootaa bu’uuraa torbaaf hojii irra oole.
Gabatee 1.1. Qamolee safaratamoo bu’uuraaa torbaa fi yuunitii SI isaanii

Qaamolee safaratamtootaa Maqaa yunitii SI Iddoo bu’ee yuunitii SI
Hanga Kiloogiraama kg
Dheerina Meetira m
Yeroo Sekoondii s
Koreentii elektirikii Ampeerii A
Tempireechera Kelvinii K
Cimina ifaa Kaandeelaa cd
Hamma waantaa Moolii mol

Faayidaan sirna meetirii inni biraan sirna desimaalii fayyadamuu dha. Yuunitii waalta’aa (SI) keessatti yuunitii baayyee xiqaa fi baayyee guddaan dursoo adda addaa fayyadamuun agarsiifamuu danda’u. dursoowwan kuun sirna meetirii Intrnaashinaalii keessatti paaworii 10 kanneen agarsiisan dha.Gabatee 1.2 armaan gadii irraa dursoowwan kudha jahaa agarsiifamaniiru.

Gabatee 1.2. Dursoowwan yunitii SI kudha jahaan

Mana
kudhanii dursoo Iddoo
bu’ee Mana
kudhanii dursoo Iddoo
bu’ee
1018 exa E 10-1 deci d
1015 peta P 10-2 centi c
1012 tera T 10-3 milli m
109 giga G 10-6 micro µ
106 mega M 10-9 nano n
103 kilo k 10-12 pico p
102 hecto h 10-15 fento f
101 deka da 10-18 atto a
Fkn: Barataa Tolaan hojjaan isaa 172 cm dha. Dheerina Tolaa kana dm ibsi.
Yuunitii dhaalamoo
Yuunitiin safaraa bu’uuraa sirna meetirii Internaashinaaliin abuurameera. Yuunitiwwan qaamolee safaratamoo bu’uura hin taane yuunitii sirna meetirikii irraa dhaalamuu ykn shallagamu. Fakeenyaaf, bal’inni dheerina baayyisuu hojjaan safarama. Kanaaf,
yunitiin SI bal’inaa = (yuunitii SI dheerinaa) x (yuunitii SI dheerinaa)
= mxm = m2 ta’a.Yuunitiiwwan akkasii kuun yuunitii dhaalamoo jedhamu.
Gabatee 1.3. Yuunitii dhaalamoo

Qaama safaramaa Hiikaa  Yuunitii SI
Bal’ina Iskuweerii dheerinaa    m2
Qabee   Kuubii dheerinaa    m3
Rukkina Hanga irra qabee    kg/m3
Ariitii Fageenya yeroo ta’e keessa deemame  m/s
Guula   Jijjiirama ariitii yeroo ta’e keessatti m/s2
Humna   Hanga baayyisuu guula   kg. m/s2 (Nuutoonii =N)
Dhiibbaa    Humna bal’ina ta’e irratti dhalagaa’e   kg/ (m.s2) (paaskaalii =Pa)
Annisaa Humna fageenya ta’een deemame   kg.m2/s2) (Juulii =J)
  1. Meeshaalee Safaraa Irraa Safara Dubbisuu

Adeemsi safaraa yeroo hedduu dubbisa safaraa meeshaa ta’e tokko irraa hammata. Kanaafuu, safara dubbisuun yeroo mara dogongora xiqqoo qabaachuu danda.a. Fakkeenyaaf, mee safara muka tokkoo ulee meetiraan safaramee haa ilaallu. Safarchi 9.24 cm dha. Safara kana keessatti yoo si’a sadii irra deebi’amee safaramu 9.23 cm, 9.25 cm, 9.24 cm argame. Kana irraa lakkoofsi dhumaa shakkiin barreeffama.
Sirrummaa lakkoofsa safara tokkoo (firii shallaggii safara tokkoo olii), yaad-rimee lakkoofsota murteessoon ibsama.

3.1. Lakkoofsota Murteessoo

Lakkoofsota murteessoon dijiitota lakkoofsa safaraa (ykn firii shallaggii lakkoofsota safaraa) kan sirrummaa lakkoofsa sanaa ibsanii ida’uu lakkoofsa shakkamuu kan safara sanaa sirritti ibsuuf gargaaran dha. FKN, safara citaa muka armaan olii 9.24 cm keessatti, lakkoofsoti lameen duraa (9.2) amansiisoo dha, dijiitiin itti aanu 4 immoo shakkisiisaa dha. Kanaaf lakkoofsicha 9.240 jechuun barreessuun kan duraanii irraa adda dha.
Seerota lakkoofsota murteessoo
Lakkoofsota murteessoon, digiitota lakkoofsa safaraa ykn shallaggii lakkoofsota safara, kan sirrummaan gabaafamuu danda’amu. Lakkoofsota murteessoo safara tokkoo himuuf seerota armaan gadii hordofuu qabna.

  1. Lakkoofsoti mit-zeeroo yeroo hudaa barbaachisoodha. Kanaaf, safara 9.12 cm, 0.912 cm, and 0.00912 cm kanneen keessatti lakkoofsota murteessoo sadii (3) qaba.
  2. Lakkofsi zeeroon lakkoofsota kaan duraa fi tuqaa booda lakkoofsota mit-zeeroo dura yoo dhufe malee iddoo kaanitti barbaachisoodha. Safara, 9.00 cm, 9.10 cm, 90.0 cm. keessatti LM sadii (3) dha.
  3. Lakkoofsi zeeroo xumura lakkoofsaa irratti akkaataa barreeffamaa irratti hundaa’uun barbaachisoo ykn mit-barbaachisoo ta’uu danda’ama. Fkn, safari 900 cm, LM 1, 2 ykn sadii qabaachuu danda’a. Innis akkataa armaan gadiitti ta’a.
  • Yoo 900 cm ta’e LM (3)
  • Yoo 90.0 x101 cm ta’e LM (2)
  • Yoo 9.0 x102 cm ta’e LM (1) qaba.
    3.2. Lakkoofsota Murteessoo Shallaggii Keessatti

Lakkoofsoti safaraan argaman shallaggii keessatti tajaajiluu ni danda’u. Yeroo akkasii lakkoofsoti barbaachisoon gabaafaman akkamiin murta’u? Seeronni armaan gadii kuun kana murteessuuf tajaajilu.

3.2.1. Lakkoofsota Murteessoo Ida’uu fi Hir’isuu Keessatti

Ida’uu fi hir’isuu lakkoofsa safaraa keessatti, firiin argamu LM akka lakkoofa isa desimaalii xiqqaatti gabaafama

Fkn: 1) 2.2cm + 5.36cm = 7.56cm yoo ta’eyyuu 7.6cm tiin gabaafama.

2) 184.2g – 2.324g = 181.876g yoo ta’eyyuu akka lakkoofsa isa LM gadaanaati (181.9g) gabaafama.

3.2.2. Lakkoofsota Murteessoo Baayisuu fi Hiruu Keessatti

Lakkoofsota safaraa baayisuu fi hiruu keessatti, firiin argamu akka safara isa LM hedduu qabuutti gabaafama.
Mee seeronni kuun haala kamiin hojii irra akka oolan haa ilaallu.

Fkn:- 100g * 0.0634g  0.250(LB sadiin gabaafama) 25.31g

Lakkoofsota sirrii (Exact numbers)
Amma dura lakkoofsota murteessoo ilaalaa turreera. Lakkoofsoti barbaachisoon Kan isaan eeraman lakkoofsota safaraa keessatti qofaa dha.Haata’u malee lakkoofsota sirriin ni jiru. Lakkoofsota sirriin, lakkoofsota lakkaa’amuun bira ga’amanii fi hariiroo safaraa kan qaban dha. Fakkeenyaaf, Buphaa 12, peennaa 5 yoo jennuu. Haaluma walfakkaatuun , 1 inch sirriitti
2.54 cm akka ta’e beekama. Lakkoofsoti akka kanaa lakkoofsota sirrii jedhamu. LM lakkoofsa keessatti hin lakkaa’amu.
Siiqsuu
Siiqsuun adeemsa shallaggii keessatti lakkoofsa murteessoo hin taane gatuu ykn tooftaa lakkoofsa dhumaa gabaasaaf sirreessuu ti.
Akkataa armaan gadiin lakkoofsa siiqsuun danda’ama. Yeroo mara lakkofsota siiqu booda gara miraatti isa jirutu ilaalama. Hala kanna,

i. Lakkoofsi siiqu kun 5 ol yoo ta’e, lakkoofsa 1 isa dhumaa irratti ida’ama. FKN, 1.2151 dijiitii sadiitti yoo siiqu, 1.22 ta’a.
ii. Yoo lakkoofsi siiqu 5 gadi ta’e, lakkoofsichaa fi lakkoofsota boodee isaa jiran hunda gatama. FKN, 1.2143 gara dijiitii sadiitti yoo siiqu, 1.21 ta’a.

iii. Yoo shallaggiin dhawaata hedduun hojjetama ta’e, siiqsuun dhuma irratti raawwata.
3.3. Hirrina Safara Keessatti

Yoo safara ta’e tokko irra deddeebi’amee safarame yeroo hedduu lakkoofsota walfakkaatoo argachuu dhiisuu dandeenya. Safartoota sana keessaa dogongorri jiraachuu danda’a. Dogongorri safara keessatti mudatu iddoo lamatti qoodamuu danda’u. Iisaanis dogongora tasaa fi dongora beekamaa dha. Sababoota kanaaf, gatiin safara kenneenii hamma xiqqoo garaagarummaa uumuu ni danda’a. Termoonni sirrummaa fi qixxummaa jedhan safara akkasii ibsuuf nugargaaru

3.4. Dongora Tasaa fi Dogongora Beekamoo
A. Dogongora tasaa
Safara keessatti dogongorri tasaa sababoota adda addaa hin beekamneen uumamuu kan dha. Kunniinis sababoota meeshaa ittiin hojjetamuu ykn sababa jijjiiramoota naannoo yaalii ta’uu danda’a.
FKN
 Jijjiirama sirraa’uu dhabuu meeshaa ittiin hojjetamu
 Haala geeddarama ho’a wal-hinfakkaannee ta’uu danda’a.
 Kallattiin isaa hin beekamu
B. Dogongora beekamaa
Dongorri safara keessatti sababoota ofeeggannoo dhabuu nama safara geggeessuu ykn sirriitti meeshaa sirreessuu dhabuun mudatan dogongora beekamaa jedhama.
Sababoota uumamuu dogongora beekamaa ta’uu kanneen danda’an

 Meeshaa safara ittiin geggeefamu dogongora ta’uu ykn sirriitti qabannaa dhabuu
 Meeshaan itti fayyadamnu karaa sirrii hin taane fayyadamuu ta’uun
 Xiyyeeffannaa dhabuu nama safara geggeessuu

3.5. Sirrummaa fi Qixxummaa

Qixxummaan safara irra deddeebi’amee safarame tokkoo waliitti siqeenya tokkoo tokkoo safaraan yoo ibsamu. Sirrummaan immoo gatiin giddugala safaraa gatii dhugaatti dhiyaachuu fi dhiyaachuu dhabuun ibsama.

GILGAALOTA BOQONNAA

  1. Safara armaan gadii keessatti lakkoofsota murteessoo meeqatu jira?

a. 73.0000 g h. 5.10 X10-7m
b. 0.0503 kg e. 6.300 cm i. 2.010 s
c. 301.0 kg f. 0.224800 m j. 9.100 x104 cm
d. 0.05930 g g. 0.80090 m k. 3.100 s

l. 4.380 x10-8 m

  1. Shallaggii armaan gadii LM sirriin firii barreessi

a. 8.71mx0.0301m
0.031m

c. 934g x 0.00435g +107g
d. (847.89s – 847.73s) x14673s

b. 0.71s + 92.2s

  1. Safara armaan gadii dursoo kudhanii fayyadamuun geeddaruuf

a. 6.20 km gara m
b. 1.98 ns gara s

c. 2.54 cm gara m
d. 5.23 µg gara g

  1. Barattoonni keemistirii sadii yaalii qabiyyee ayoonii Mg2+ (gatii dhugaan isaa 10 ppm) ta’e meeshaa walfakkaatuun irra dedeebi’anii safaranii kuusaa armaan gadii argatani irraa gaaffilee itti aanan hojjedhu.
    Safara (ppm) Yaalii 1 Yaalii 2 Yaalii 3 G/Galeessa
    Tolaa 9.98 9.97 9.98
    Huseen 9.99 10.01 10.00
    Gammadii 9.96 9.97 9.96

a. Barataa kamitu qixxummaa gaarii qaba?
b. Barataa kamitu sirrummaa gaarii qaba?
c. Dogongora tasaa safara barataa kami keessatti caalaatti mul’ataa?
d. Dogongorri beekamaan safara barataa kami keessatti caalaatti mul’ata?

BOQONNAA LAMA

  1. MAATERII

Boqonnaa kan keessatti waa’ee yaadaa fi Uumama maaterii, jiijirraa maaterii, qoodama maaterii akkasumas waa’ee walitti dhufeenya maateriifi annisaa gidduu jiru hubachuun ni danda’ama.
Kaayyoo Boqonnichaa
Xumura boqonnaa kanatti barattotni:-
Hika maaterii ni himu,
Amaloota adda addaa maateriin qabu ni ibsu, Qoodama maaterii ni ibsu,
Walitti dufeenyaa maateriifi annisaa gidduu jiru ni ib, Jijjiirama maaterii keessatti gaggestamu ni ibsu,
Jijjiirama keemikaalaa fi Fiizikaalaa amla Keemikaalaa fi Fiizikaalaa addaan baafatu,
Fakkenya jijjiira keemikaalaa fi Fiizikaalaa ni tarreesu, Amala elementi Kompaawundi fi makkoo ni ibsu, Maloota makkotni addaan itti bahaanu ni tarreesu.
2.1. Hiika Maaterii fi Annisaa
2.1.1 Maaterii- Wantootni Uumamaan naannoo keenyatti argaman qabee fi hanga qaban hundi maaterii jedhamu. Fkn: Qilleensa, Bishaan,Dhagaa,…kkf.
Miti-maaterii – Qaama Uumama ta’ee kan qabee fi hanga hin qabne dha
Fkn; – Ifa, ho’aa, sagalee, diree elektirikaa, diree maagineeti yaada, abdii jaalalaa, kkf.
2.1.2 Annisaa- Annisaan dandeetti dalagaa dalaguuti. Annisaan bifa adda addaatiin argamuu ni danda’a.
Fkn: annisaa makanikaalaa, annisaasochii, annisaa kuufamaa, annisaa elektiriikaa fi kkf dha.
2.2. Amaloota wantootaa
Wanti hundi amala addaa ofiisaa qaba. Fkn amali bishaanif amali haaydiroojinii garagara. Amalli wanta tokko wanta biraa irraa adda isa baasuuf nama gargara. Amalootni maaterii bakka gurguddoo lamatti qoodamu; Isaanis:-
 Amala fiizikaalaa fi
 Amala Keemikaalaati

2.2.1. Amala Fiizikaalaa
Amaloota Fiizikaalaa maaterii otoo maaliummaa fi ruqoolee maaterii hin jijjiiriin safaruun ni danda’ama. Fakkeenya amaloota fiizikaalaa halluu, foolii rukkina qabxii baqinaa fi danfinaa jabina fi kkf dha. Amalootni fiizikaalaas bakka lamatti qodamu.
2.2.1.1. Amaloota Intensiivii fi Eksitensiivii
Amala inteensiivii- Amaloota hamma ykn guddina wan tokko irraatti hin hundofnedha.
Fkn: – ho’a, qabxii baqinnaa, foolii, calaqqisuu, rukkina, amala maagineetummaa. Gaaffii: Amaloota Intensiivii kan biroo tarreesi? Amalootni inteensiivii wantoota addaan baasuuf nama gargaru. Amalootni kun amaloota Fiizikaalaa hamma dhaabbaataa qabani dha.
Amala eksiteensiivii; Amalootni fiizikaalaa tokko tokko hamma ykn guddina wantichaa irratti hundaa’u amalootni akka kanaa amaloota eksiteensiivii jedhamu Fakkeenya dheerina, sabbata hanga qabee fi kkf dha. Amalootni kun amaloota uumamaan hin jirredha.

2.2.1.2.2 Falkaalee Maateerii
Maateeriin falkaalee sadiin argama. Issanis,
 jajjaboo
 Dhagala’oo fi
 Gaasii dha
Garagarumman isaanii walitti siquuf waliirraa siquu ruqooleetiin ibsamu ni danda’a, Jijjiiramni falkaalee kun jijjirama fiizikaalatti maateriin haalota adda addaa keessatti falkaalee fiizikaalaa adda addaan jirachuu ni danda’a. Fkn:- Bishaan akka cabbii (bishaan jajjaboo) dhangala’oo fi hurka (gaasii) itti jiraata Amalli addaa jajjaboon qaban humana alaa salphaatti bocni isaanii jijjiiru. Amallii gaasiin dhangala’oo irraa adda ittiin bahu keessaa tokko dandeettii summuugamuu fi babal’achuu qabaachuu isaati.

2.2.2. Amaloota Keemikaalaa
Amaloota yeemmu wanti tokko jijjiirama qabiyyee ykn maaliummaa isaa jijjiiru mul’atudha. Jijjiiramni akkasi kan inni uumamuu yoo wanti tokko wantoota biroo waliin walitti bu’an ykn walnyaatani dha.
Fkn: – -Walnyaatinsa beenziniifi oksijinii; Walnyaatinsa asiidii fi beezii.
Jijjiiramni keemikaalaa Jijjrama wanta tokko irratti gaggeeffamee wanticha kana gara wanta biroo haaraatti yoo jijjiirame, jijjiiramni kun jijjiirama keemikaalaa jedhama.
Jijjiirama keemikaalaa keessatti
 Wanti haaraan ni uumama
 Amalootni fiizikaallaa fi keemikaala ni jijjiiramu
 Annisaan ho’aa yeroo baay’ee qooda ni fudhata.
 jijjiirama kana gara boodaatti deebisuun baayisee rakkisaa dha
 Jijjiiramni ruqoolee wantichaa irratti ni uumama.
Wantoota jijjiiramni keemikaalaa akka gaggeefamu sababa ta’an keessaa muraasni
o Annisaa ho’aa
o Annisaa ifa
o Annisaa elektirika
o Kaatalistoota.
Gaaffii; – Kan armaan gadii keessaa kamtu jijjiirama fiizikaalaa ykn keemikaalaa akka ta’e adda baasi.
a. Buddeen tolchuu
b. Sibiilla baqsuu
c. Kooperii ho’iisanii finiinsuu
d. Shukkaara buna ho’aa keessatti bulbuluu
e. Daadhii dhangageessuu
f. Daanda’uu Ayireenii
g. Hanqaaquu waaduu.
h. Bullaa’uu soorataa
i. Uumamuu hurriisamirratti

j. Fayyuu madaa
2.3. Jijjiirama Maaterii
Wantoota Keemistiiriin irratti xiyyeeffatu keessaa tokko jijjiirama maateriiti. Jijjiiramni maaterii kunis bakka lamatti qoodama
Isaanis

  1. Jijjiirama fiizikaalaa
  2. Jijjiirama Keemikaalaati
    2.3.1. Jijjiirama Fiizkaalaa
    Jijjiiramni fiizikaalaa jijjiirama maaterii otuu jijjiirama qabiyyee fi amala keemikaalaa (Chemical identity) isaa hin jijjiirin agarsiisuu dha. Fkn jijjiiramni Falkaalee jijjiirama fiizikaalaatti. Jijjiiramni kun amaloota mata isaa qaba.

2.3.2 Jijjirama Keemikaalaa
Amaloota jijjiirama keemikaalaa irratti mari’achuudhan gareen dareedhaaf gabaasi.
Garaa garummaa jijjiirama fiizikaalaafi jijjiirama amala keemikaala gabatee armaan gadii irra ilaalu ni danda’ama.
Gabatee 2.1 Garaagarummaa Jijjiiramoota Fiizikaalaa fi Keemikaalaa

Lakk Jijjiiirama fiizikaala Jijjiirama keemikaala
1 Jijjiirama hamma bocca fi faalkaa
agarsisaa Jijjiirama qabiyyee fi amala keemikaalaa
agarsiisa
2 Annisaa xiqqaa dhan gaggeeffama Jijjiiramni kun annisaa guuddaa barbaada
3 Wanti haaraan hin uumamu Wanti haaraan ni umama
4 Salphatti ho’aan ykn qorississun gara booda tti deebisu ni danda’ama Salphatti gara boodatti deebisuu hin danda’amu Adeemsa keemikaalaatin gara boodatti deebisuun rakkisa dha
yeroo baayesi ni barbaada.

2.4. Qoodama Maaterii
Maateriin gareewwaan gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis

  1. Wantoota qulqulluu
  2. Makoota
    2.4.1. Wantoota qulqulluu
    Wantoota qulqulluu gosa maaterii kan ruqoolee walfaakkatan ofkeessaa qabu fi kan haala fiizikaalaatin ykn adeemsa fiizikaalaatiin addaan hin bane dha.
    Gaaffii;- Fakkenyaa wantoota qulqulluu shaan tarreesi.
    • Wantootni qulqulluun qabiyyeen isaani gos-tokkee (homogenous) dha.
    • Wantootni qulqulun amaloota fi qabiyyee dhaabbata qabu.
    • Wantootni qulqullun kunis bakka lamati qoodamuu ni danda’u. Isaanis:
  3. Elementoota
  4. Kompaawundoota
    2.4.1.1. Elementoota

Elementiin gosa maaterii keessa tokko ta’anii kan atoomota lakkofsa atoomawaa
walfakkaatu qaban irraa ijaarame dha. Elementootni kunnin qoodamaa fi amaloota mataa isaanii qabu. Fkn:Soodiyeem,Hayidiroojinii,Oksijiiinii,Kaarboonii, fi kkf fakkeenya elementootaati.
Elementoonni amaloota isaanii irratti hundaa’uudhaan bakka sadiitti ramadamu.Isaanis:Sibiiloota,Sibiilaloota fi gariin sibiilota dha.Elementootni umaman argaman 92 dha.
A) Sibiilota
Sibiilootni elementoota amala elektirisiitii dabarsuu,calaqqisuu,shiboonfamuu fi batteeffamuu qaban dha.Qabxii baqinaa fi qabxii danfinaa olaanaa qabu.Tempireechera dareetti jajjaboo dha.Garuu Merkuuriin dhangala’aa dha.Fkn:Koopparii,Ayiranii,Soodiyeemii,Aluminiyeemii kkf ta’u.
B) Sibilaalota

Sibiilalootni faallaa amala sibiilota qabu.Giraafayitii irra kan hafe sibiilaalotni martinuu miti dabarsoo elektirikaa ti.Tempireechera dareetti faalkaa sadanuun ni argamu.Fkn
:Jajjaboo kan ta’an Kaarboonii,Salfsarii,Ayoodinii,Foosforasii fi kkf dha.
Dhangala’aa kan ta’e Birooominii Yammuu ta’u gaasii kan ta’an keessaa;Haayidiroojinii,Oksijiinii,Kiloorinii,Naayitiroojinii,fi kkf dha.
C) Gariin-sibiilota
Gariin-sibiilotni elementota amala sibiilaa fi sibiilaalaa qabanii dha.Elementootni kun gariin dabarsoo ho’a fi elektirikaa waan ta’aniif meeshaalee elektirooniksii keessatti faayidaa olaanaa qabu.Fkn: Silikoonii, Antiimonii, Jarmaaniyeemii, fi Gaaliyeemii ta’u.

2.4.1.2 Kompaawundota
Kompaawundiin wanta qulqulluu yoo ta’u atoomotni elementoota garaa garaa lamaafi isaa ol ta’an reeshoo (qooda) dhaabbataa ta’een walnyaatinsaa keemikaalaa gaggeesaan kan uumamu dha. Kompaawundotni amala fiizikaallaafi amala keemikaalaa mataa isaanii qabu. Amalootni kunis kompaawundiin tokko isaa biroo irraa addaa baasuuf nama gargaaru. Amalli kompaawundii tokko amaloota ruqoolee (ellementii) irraa tolfamerraa guutumaa guutuutti irraa adda Fkn: bishaan kompaawund atoomota haaydiroojiinii lamaa fi oksijiinii tokko irraa uumame, amalootni bishaani kanneen akka rukkinaa, Falkaalee fiizikaalaa, dhandhama, kkf amaloota haaydiroojiinii fi oksijiinii irraa guutammaa guutuutti adda. Haala beekamaa keessatti kompaawundiin sukaawaa fi adeemsaa mekaanikaalaa salphaan ruqoolee isaatti kan adda hin banedha. Haata’u malee adeemsa yaalii mijaa’a ta’een kompaawundiin wantoota lamaafi isaa olitti diigamuu ni danda’a.
Fakkeenyaf;- Ashaboon nyaata adeemsa elektirooliisisiin gara elementoota soodiyeemii fi kilooriini itti ni diigam.

2.4.2. Makoota

Makaan maaterii wantoota qulqulluu (elementii ykn kompaawundii) lamaa fi achii ol ta’ani reeshoo dhaabbataa (murta’aa) hin taaneen yoo walitti makaman kan argamu dha.
Makaa keessatti ruqooleen makaa maaliummaa isaanii otoo hin jijjiirin argamu. Makaan elementii fi kompaawundi irraa kan adda bahu reeshoon ruqoolee jijjiirama qabachuun. Sababa reeshoon ruqoolee isaa jijjiiramaa ta’eef makaan akka wanta qulqulluu ti hin ilaalamu. Fakkeenyaa; – makaa qilleensaa, dhagaa, muka aannan, dhiiga, laafaa, bishaan garbaa, makaa zayitaa fi bishaanii kkf
Qoodama Makootaa
Wantootni makaa gos-tokkee fi makaa gos addee jedhamun bakka gurguddoo lamatti qoodamu.
2.4.2.1. Makaa gos- tokkee (Homogenous Mixture)
Makaa gos-tokkeen makaa ruqooleen isaa haala wal-fakkatuun walkeessa faca’anii dha. Makaa gos-tokkee keessatti ruqooleen makaa ija uumamaanis ta’e maayikirooskoopiin adda bahanii hin beekamani.
Fakkeenya;- Makaa shukkaraa fi bishaanii qilleensa, makaa alkoolii fi bishaanii laaqaa, bulbula ashaboo nyaataa kkf.
2.4.2.2. Makaa gos-addee (Heterogenous Mixture)
Makaa gos-addeen makaa ruqooleen isa ija uumamaan ykn maayikirooskooppiin adda bahanii argamuu danda’an makaa gos addee jedhama. Makaa gos-addee keessati ruqooleen makaa hundi amala isaanii qabatani turu kana jechuunis, ruqooleen makaa gos- addee halluu, qabxii danfina fi baqina kkf kan mata isaani qabatanii ta’u.
Fkn dhiiga, aannaan, makaa daakuu shukaara, fi daakuu midhanii, shoorbaa, fuduraalee, makaa zayitaa fi bishaanii cuunfaa burtukaanaa. Dhiigni makaa gos- addee dha sababnisaas seeliin dhiigaa pilaazimaa dhiigaa amala fiizikaalaan adda bahu.

2.4.2.3. Maloota Makootni Ittin Gargar Bahan
Makootni maloota adda addaattin gargarbahu ni danda’u. Isaanis kan akka
 Dhinbiibuu,
 Calaluu,
 Hurkisiisuu,
 Distileeshinii,
 Kiristaalessuu,
 Kiroomaatoogiraa fi kkf.

GILGAALOTA BOQONNAA
I. SOB/DHUGAA(SABABEESSI)

  1. Hawwaan maaterii fi mit-maaterii of-keessaa qaba
  2. Maateriin ni jijjiirama.
  3. Ho’a, ifa, sagalee fi madanni fakkenyota maateriiti.
  4. Dungoo mana keessatti yommuu fayyadamtan jijjiirama fiizikaalaa qofa daawwattu.
  5. Amalootni eksteensiivii fi intensiivii lamaanuu amala keemikaalaa maaterii ibsu.
  6. Malli adeemsa makaa ashaboo nyaataa fi shukkaaraa adda baasuuf jalqaba bishaan keessatti bulbuleessuu dha.
    II. DEEBII SIRII TA’E FILADHU
  7. Kamtu kompaawundii keemikaalaa jalatti hin ramadamu?

A/ KOH B/ H2O C/ P4 D/ C12H22O11 E/ Na2SO4

  1. Distileeshinii bishaanii fi itaanoolii keessatti kamtu hin barbaachisu? A/ Bureetii B/ Ho’a C/ Qabbaneessoo D/ Silinderii safaraa E/ Dhaaba ayireenii
  2. Malli makaa jajjaboo lamaa fi lamaa ol ta’an saffisa bulbulamummaa isaan bulbula wal-fakkaatu keessatti qaban irratti hundaa’uun adda baasuuf gargaaru:
  3. A/ Mala maginetii B/ Distileessuu firaakshinii C/ Kiromaatogiraafii D/ Keristaalessuu E/ Hurkisiisuu
  4. Gasoliniin, keroosiniin, naafxaan fi kkf. bu’aa petirooliyeemiiti. Adeemsi isaan kana adda baasuuf caalaatti filatamu: A/ Distileessuu salphaa B/ Hurkisiisuu
    C/ Keristaalessuu salphaa D/ Keristaalessuu firaakshinii E/ Deebii hin qabu
  5. Ashaboo nyaataa bishaan irraa adda baasuuf malli filatamaan:
    A/ Calaluu B/ Dhimbiibuu C/ Keristaalessuu D/ Hurkisiisuu
  6. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu amala fiizikaalaa ekstensiivii maaterii ibsa? A/ rukkina B/ ulfaatina C/ qabxii danfinaa D/ qaxii baqinaa E/ hundaa
  7. Wantoota armaan gadii keessaa kamtu kompaawundiidha?
    A/ giraafaayitii B/ diyaamendii C/ bishaan haroo D/ giluukoosii E/ hundaa
  8. Kamtu makaa gos-addeeti?
    A/ qilleensa B/laaqa C/ 36 HCl D/ bulbula bishaanawaa nacl E/ D.S.H.K
  9. adeemsota armaan gadii keessaa kamtu adeemsa fiizikaalaa miti?
    A/ keristaalessuu B/ distileessuu C/ hurkisiisuu D/ hundaa E/ D.S.H.K

III. IBSA

  1. Garaagarummaa maaterii fi annisaa gidduu jiru ibsi.
  2. Garaagarummaa amaloota eksteensiivii fi intensiivii gidduu jiru ibsi.
  3. Adeemsi mala aadaan haraqee baasuu adeemsa keemistirii keessaa kamiin deeggarama. Adeemsicha jalqabaa hanga xumuraatti ibsi.
  4. Wal-fakkeenyii fi garaagarummaan ditileeshinii salphaa fi distileeshinii firaakshinaalaa gidduu jiru maali?

BOQONNAA SADII

  1. CAASAA ATOOMII

SEENSA

Boqonnaalee darban keessatti yaad-rimee keemistirii, seenaa dagaagina keemistirii fi maaterii barateetta. Boqonnaa kana keessatti ammooo seenaa dagaagina Yaad-hiddama atoomii, argannoowwan suudoo cita atoomii fi qabiyyummaa atoomii gadifageenyaan ni barattara. Kanaafuu, boqonnaan kun kutalee gurguddoo lama kan qabu yeroo ta’u isaaniis; seenaa dagaagina Yaad-hiddama atoomii fi argannoo suudoowwan cita atoomiiti.
Kaayyoo Boqonnichaa
Xumura boqonnaa kanaa irratti leenjifamtootni:
Yaad-hiddama atoomii Daaltenii ibsu, Yaad-hiddama atoomii ammayyaa ibsu,
Wa’ee argama cita atoomii addeessu,
Termoota lakkoofsa atoomii, hanga atoomii, isootooppii ibsuu danda’u,
Hanga atoomawaa elementii kan iyisootoppiin isaa beekamee shallaguu danda’u.
3.1. Seenaa Dagaagina Yaad-hiddama Atoomii

Yaadni wa’ee bu’uura waantotaa kan jalqabe wagoota 2500 dura biyya Giriik keessatti dha. Haaluma kanaan Alkeemistootni fi Yaad-hiddaman filoogistootni karaa adda addaa wantoota atomootni irraa uumamaniif garagarummaan amaaloota isaanii gidduu jiru maal irraa kan madde ta’uu isaa ibsuuf yaalaniiru. Yaada ammayya’aa fi kan caasaa maatarii ibsu jarraa 19ffaa keessaa Yaad-hiddama atomawaa Daltoniini jalqabe , Yeroo kanatti wantootni hundi maatarii irraa uumamuu akkasumaas maatariin atomoota malakiyulotaa fi ayoonota irra uumamuu isaaf keemistiriin gosa barnootaa kallattiiniis ta’e al-kallattiin waayee atomotaa, malakiyolotaa fi ayoonotaa qo’atu ta’uu beekuun barbachisaa dha.
3.1.1. Yaadota Durii Waa’ee Qabiyyummaa Maaterii
Waayeen maatarii akka yeroo ammaa gadi fageenyaan otoo hin beekaamiin falaasamtootni bayyeen keessumaa kan dhaloota Giriikii waa hedduu jedhaniiru.

3.1.1.1. Filoosoferoota Giriikii Durii

Gaffilee falaasamtoota Giriikii kan akka Talas’iin (640 – 546 BC) ka’aa turaan keessaa wanti tokko wanta biratti jijjiramuu danda’aa? Yoo kan danda’u ta’e wantootni hundi wanta bu’uraa tokko irraa ijaaraman kan jedhu fi kkf. Gaffilee kanneeniif deebii kannuuf jecha falasamtootni Giriikii yeroo Sanaa (Impeedikulasii) wantotnii hundi wantoota bu’uraa afur irraa kan maddan ta’uu ibsan isaaniis Abidda, Qilleensa, Bishaan fi Dachee turan, yaadni kun falaasamtoota Giriik yeroo sanaa kanneen akka Aristotiliin (184 – 322 DhKD) biratti kan fudhatama argate ture.
Gaffiin yeroo sanaa biroon falaasamtoota Girikii inni guddaan waayee qoodama maatarii ture. Gaffii kanaaf Hiyoosippas (450DhKD) deebii kenneen wantootni hanga dhumatti akka caccaban yoo ta’e dhuma irratti wanti caccabuu hin dandeenye akka argamu ibseera.Yaadota kanneen isa dura ibsaman irratti hundaa’uun Dimookiiratas (470 – 380 Dh.K.D) Sudowwan xixiqqoo kanneen caccabuu hin dandeenye “Atomii” jechuun moggase hiikni isaas ‘kan hin qoodamne” jechuu dha
 Yaadotni bu’uraa Dimokiraatas kanneen armaan gadii turaan
 Maatariin suudoo xiqqoo qoodamuu hin dandeenye irraa tolfame.
 Suudootni xixiqqoof qoodamuu hin dandeenye kun Atoomii jedhamu.
 Atomootni bu’ura maatarii ta’anii kun uumamaan garagarummaa qabu.
 Hammii fi boci atomootaa amala wantootaa nii murteessa
 Atomootni hanga qabu
Yaad-hiddaman kun yeroo sanatti falasamtoota Giriikii keessaa beekkamaa kan ta’e Ariistootil biratti fudhatama hin arganne ture. Yaadani Aristootil maatariin dhabbataaf dangeeffamaa miti kan jedhuu fi yaada Impidukilas wanti lafa irraa hundinu wantoota afur irraa tolfaman kan jedhu kan deggeru ture yaadni Aristootil kun waggota 200 ‘f jijjirama malee tureera kuniis guddina keemiistiriitiif danqaraa ta’ee tureera. Isa booda atoomiin wantoota arfan ibsaman malee elementoota akka eebiis reeshoo ta’een walngaachuun waan haaraa akka lachuu danda’an abuurameera.Alkeemii

3.1.1.2. Alkeemii

Alkeemiin dame waayee jijjirama wantotaa qo’atu fi dame beekamaa Arabotni itti fayyadamaa turan yeroo ta’u namootni dame kana irratti hojjetaniis alkeemistoota jedhamu.

Amantaa alkeemistootaa keessaa tokko sibiilotni dachee keessa oolanii bulanii gara meetii fi warqitti jijjiramu kan jedhu ture. Haaluma kanaan fakkeenyaaf alkeemistoota keessaa Giiber meerkurii fi waalgaa walitti makuun warqii uumuuf yaalii godheera. Alkeemistootni lubbuu dheereessuuf jecha yaaliiwwan adda addaa gochaa turaniiru. Damee beekamaa Alkeemistotaa kan ta’e Laktirookeemistiriin kan waayee wallansaa qoratu ture.

3.1.1.3. Yaad-hiddama Filoojistonii

Jarraa 17ffaa keessa keemistootni qajeelfama gubiinsa wantootaa waliin wal qabate abuuraniiru. Haaluma kanaan Fiizikstii fi keemiistii biyya Jarmanii kan ta’e Jorji Ernest stahil bu’uura Yaad-hiddama Filoogistoniin abuure. Innis jecha Giriikii kan “boba’uu “ jedhu irraa kan dhufe ture. Akka yaada kanatti wantootni yeroo gubatan qaama gubachuu danda’u isaanii qilleensaaf dabarsanii laatu. Wantootni gubatan filogisoniin badhadhoo dha jechuun ibse. Akka yaada kanaatti Wantootni yeroo gubatan filogistonii qillensa keessatti gadhiisu kan isaanii haafus daaraa qofa. Yaadni kun gaffiileen hedduun fkn Daaraan uumamu hangaan wanta gubatee gadi maaliif ta’a? sibilootni yero dammeessa’aniis akkasuma dabala hangaatu mul’ata?Maaliif?gaffileen bu’uraa kanneen argama gaasotaaf sababa ta’uu irra darbuun guddina keemistiriif karaa bananiiru.
Gaffilee armaan olii deebisuuf jecha qorannoo geggeeffameen gaasiin haayidiroojiinii Kaveendishiin karboondaayoksaayidiin Vaanhelmantiin fi oksijiniin piristiiliin argamuu danda’aniiru. Akka Jooseef Piriistiil (1733-1804) ibsetti
 Oksijiniin ruqoolee qilleensaa keessaa tokko ta’uu fi
 Boba’uu wantootaaf sababa akka ta’e ibse yaadni kuniis yaad-riimee filogisoniif dhugoomsa ta’e
Odeeffannoo piristiil irratti hundaa’uun dhalataan biyya Faransaay Antoon Laa’ureen Lavosiyeer (1743 – 1794) yaalii geggesseen.
 Oksijiniin kan boba’uu deggeru ta’uu ibsuun seera dhabbii walqixxummaa ruqoolee fi hangaa abuure.
 Faayidaa safarri sirrii ta’e ibse
 Sababoota gubiinsaa addeesse.
 Sibiilotaa oksaayidota isaanii irraa akkamitti uumuun akka danda’amu ibse Bara 1989 Lavosiyeer kitaaba “Elementary Treatis on Chemistry “ jedhu barreesse innis yadi- rime haaraa yaalii irratti xiyyeeffate fi moggasa maqaa keemikaalotaa

kan qabu ture inniis ilaalcha addunyaa fi hubannoo keemikaalota irratti namotni qaban kan jijjire kitaaba jalqabaa waayee keemikalotaa ibsu ture.
Kanaaf, abbaa Keemistirii ammayyaa jedhamee mooggaafame.

3.1.1.4. Seera Walgita Hangaa

Seerri dhabbii walqixxummaa hangaa Lavoosariin aburame kan armaan gadii ti.
 Maatariin walnyaatiinsa keessatti hin uumamuus hin baduus (Seera walqixxummaa maatarii)
 Hangi maaterii walnyaatiinsa Keemikaalaa keessatti hin uumamuus hin baduus (seera walqixxummaa hangaa)
Fkn:-yoo hayidiroojiniin giraamni lama oksijinii giraama 16 waliin walnyaatiinsa geggesse bishaan giraama 18 ‘ttu uumama.
2H2 (g) + O2 (g)  2H2O (l)
4g + 32(g) = 2(18g)
36g = 36g
Yoo hayidiroojinii giraama 2 qofa Kan fayyadamnu ta’e H2 (g) + ½ O2 (g) H2O (l)
2g + 32g/2 = 18g 2g + 16g = 18g
18g = 18g
3.1.1.5. Seera Hirpha Dhaabbii Qabiyyummaa
Joseef Piriistileey qabiyyee ruqoolee kompaawundotaa irratti yaalii geggesseen qooda hanga murtaa’een Kan uumaman ta’uu ibse. Serri isaa kuniis “Kompaawundii kenname tokko keessatti atoomotni elementotaa qooda hanga murtaa’een argamu” kan jedhu dha. Fkn.1: Reeshoon hanga soodiyemii fi kilooriinii eddattoo ashaboo nyaataa qulqulluu ta’e keessaa yeroo hunda hin jijjiramu inniis.
Fkn.2: Kaarboniin oksijinii gahaa hin taane keessatti gubachuun CO kenna. Moliikiyuulota CO hammamuu keessatti reeshoon karboonii gara oksijinii kan hin jijjiiramne ta’uu ibsuuf gabatee armaan gadii iaali.

3.1.1.6. Seera Adda Addummaa Qixaa

Seerri kun elementoonni lama fi achii olii reeshoo adda addaan qindaa’anii kompaawundii tokko olii uumuu danda’u. Haala akkasii keessatti reeshoon elementii

tokkichaa hamma dhaabbataa elementii kan biraan qindaa’u, reeshoo lakkoofsa guutuu fi xiqqaan ibsamuu danda’a kan jedhu dha.

3.1.1.7. Yad-hiddama Atoomii Daalten

Joon Dalton (1766 – 1844) Yaad-hiddama atomawaa bu’uura Yaad-hiddama Atoomwaa ammayyaa ta’e abuuree jira.Akka Yaad-hiddama isaa kanatti;

  1. maatariin hundi sudoo xixiqqaa atoomii jedhaman irraa uumaman
  2. Atoomiin hin uumamu hin manca’us
  3. Atomootni elementii tokkoo waan hundaan walfokkatu (hanga, bifa ,boca fi amalan)
  4. Kompaawundii keemikaalaa keessatti ruqooleen komppaawundii lakkoofsa Xinnaa guutuudhan kurfaa’u
  5. Walnyaatiinsi keemikaalaa hirmannaa atomootan giggeffama.

Yaad-hiddama atoomii Dalton kanneen olitti ibsaman kanneen keessaa kanneen Yaad- hiddama atomii ammayyaa keessatti fudhatama argatan keessaa.
 Maateriin atomii irraa tolfaman
 Kompaawundotnii walnyaatiinsa keemikaalaa elementoota lamaa fi lamaa ol ta’an giddutti uumamu
 Walnyaatiinsa keemikaalaa keessatti atomootni hin uumamaniis hin badaniis kan jedhan yeroo ta’an
Kenneen fudhatama dhaban
 Atomootni hin qoodama
 Atomootni elementii tokkoo waan hundaan walfakkatu
 Atomootni elementii tokkoo atomoota elementii birotti hin jijjiraman kanneen jedhan turan.
3.1.1.8. Modelii Atoomii Daalten
Akka moodelii atoomawaa Daaltenitti atoomiin dhuqunquluu isfeerii dukkanaa’aa kan taateedha.

3.2. Argannoo Suudowwan Cita Atoomii

Yaad-hiddama atoomii ammayyaa irraa atoomiin suudoowwan cita atoomii akka; elektiroonii, pirootoonii, nuutiroonii fi kkf ti qoodamuu akka danda’an hubachuun ni danda’ama.
3.2.1. Argannoo Elektiroonii

Fizikkstiin biyya Ingliizii kan ta’e J.J Tomsoon (1894 –1897) Uumama biifama katodii irratti qorannoo walitti fufiinsa qabu geggeessuun ujummoo tamsaastuu xiyyoota kaatodii ilaalchisee dawwannaa armaan gadii geggesse bu’aalee armaan gadii argate isaaniis
 Xiyyootni kanneen katodii irraa kan maddan ta’uu
 Xiyyootni kanneen dirree maginetii irraa kan daban ta’uu
 Charjii ofii isaanii qabachuu xiyyoota kaatodii

Fakkii 3.1: Yaalii argama xiyyoota katodii
Amaloota xiyyoota kaatodii
Xiyyootni kaatodii amaloota armaan gadii qabu
o Utubaa baatirii negatiivii irraa gara utubaa baatirii pozatiiviitti yaa’u
o Dandii sirrii ta’e irra yaa’u
o Dirree eleektirikaalaa ykn Dirree maagineetawaa keessatti nii dabu.
o Xiyyootni katodii sibiila kam irraa iyyuu maddan amala walfakkataa qabu.
o Chaarjiin isaanii negatiivii dha

Reeshoo Chaarjii gara hangaa (e/m) elektiroonii

J.J Toomsoon ujummoo tamsaastuu xiyyoota katodii fi yaadrimee Yaad-hiddama elektiroomaginetikaalaa fayyadamuun reeshoo chaarjii elektiroonii gara hanga elektirooniitti shallaguun.1.76 x 108 c/g argate haata’u malee charjii fi hanga elektiroonii hin murteessine ture

Chaarjii elektiroonii murteessuu

Yaalii copha zayitaa fayyadamuun Roobert Milikaan chaarjii elektiroonii murteessee jira. Yaalii copha zayitaa kan armaan gadii irratti kitaabota waabii dubbisuun dareetti irratti mari’adha.

Fakkii 3.2. Yaalii copha zayitaa R.Milkaan

Shallaga hanga Elektiroonii

Yaaliiwwan walitti fufiinsaa geggesseen Bara 1917 R.A milkaan copha zayitatti fayyadamuun chaarjiin copha zayitaa irraa –1.6022 x 10-19c ta’uu mirkaneeffate asi irraa ka’uniis hanga elektiroonii murteesse innis.

Hanga 

charjii(e)

chaarjii / hanga(e / m)

 1.6022×1019 c
1.76×108 c / g
= 9.11 x 10-28g
3.2.2. Argannoo Pirootoonii

Jalqaba 1900 irratti wantoota waayee atoomii waa lamatu ifa ta’e isaaniis atomiin ellektiroonii qabachuu fi charjii dhabeessa ta’uu isaati kuniis atomiin charjii dhabeessa ta’uuf charjii pozatiivii fi negatiivii walqixa ta’e qabachuu akka qabu dheere. Kana irraa ka’uun yaaliwwan adda addaa geggeffamanii jiru

3.2.2.1. Ujummoo Tamsaastuu Gama Kaatoodiin Hurataa

Bara 1886 tti Goldisten dhalataan biyya Jarmanii yeroo xiyyootni kaatodii uumamanitti biifamni anodii irraa gara katoditti biliqan jiraachuu yaaliin mirkaneeffate. Amaloota biifamota anoodii kanaas akka armaan gaditti ka’e.
3.2.2.2. Amaloota Xiyyoota Kaanaalii
 Chaarjii posatiivii qabu
 Aanoodii irraa madduun gara katoditti yaa’u
 Ayoonii hayidiroojinii (H+) waliin walfakkeenya qabu.
 Charjii posatiivii kan qaban kun pirootoonii ta’uu ibse.

3.2.2.3. Chaarjii fi hanga Pirootoonii

J.J Tomoosn (1910) yaalii geggesseen reeshoo chaarjii gara hanga xiyyoota posatiivii safaruun kallattiin argachuu yoo dadhabe illee charjii elektironitti al 1/1837 ta’uu mirkaneeffate. Haaluma kanaan e/m elektiroonii kanaan dura argate irratti hunda’uun reeshoo e/m pirootonii shallage
e/m = 1.7599 x 108c/g = 9.579 x 104 c/g 1837
argannoo kana irraa hanga protonii = charjii
charjii/hangaa
= 1.60 x 10-19c
9.579 x 104 c/g
= 1.63 x 10-24 g
3.2.3. Argannoo Nukilesii
Ernest Razerford bara 1908 kaasee walitti fufiinsaan yaalii geggesseen sibiila haphuu xiyyoota alfaan walitti buusee wantoota armaan gadii dawwateera.
 Biifamni alfaa heedduun sibiila keessa biliquu
 Biifamni alfaa muraasni irraa dheessanii dubatti deebi’uu.
3.2.3.1. Xaanxeffama
Xaanxeffamni gocha uumamaanis ta’e tasa atomoota miti sukaa’oo ta’an irraa bifa sudoo ukn danbaliin biliquu annisaa dha.

Bara 1895 fizistiin biyya Garmanii Wilhelm Rontiin xiyyootni kaatodii sibiila ykn fullee irra yoo bu’an xiyyoota amala addaa akka burqisisan arge xiyyootni kanneen akka xiyyoota kaatodii dirree magineetii irraa hin maqan kuniis akka isaan chaarjii posatiivii ykn negativii hin qabne mirkkaneessaf. Rontiin yeroo sanatti amala hin beekamne qabachuu isaanii ibsuuf xiyyoota–X jechuun moggase yeroo yertuu booda Fizistiin biyya Faransaay Antoniyo Basqureel kompaawundota uraniyenmii irratti qorannoo geggessuun xiyyoota annisaa cimaa qabaniif dirree magineetiin kan hin dabne akkasumaas xiyyoota – X irraa amala addaa kan qabaniiff walitti fufiinsaan uumaman jurachuu eere.
Biifamni kun balaqqee jedhamu Biifamni haala kanaan burqaniis alfaa (  ) Bettaa (  ) fi
Gaamaa (  ) kkf dha. Kan isaan maddaniis yeroo elementootni radiyoo aktiivii ta’an kanneen akka Po, Ir fi U burkutaa’an dha
Xiyyootni alfaa (  ) – chaarjii pozatiivii baatu
Xiyyotni bettaa (  ) chaarjii negatiivii yeroo baatan Xiyyotni gaama (  ) charjii dhabeessa dha

Fakkii 3.4. Sibiila liidii irraa haala uumamiinsa xiyyoota  ,  , 
3.2.3.2. Yaalii suudoo aalfaa bittinneessuu
Raazerfoordii modelii atoomii isaa yaalii suudoo aalfaa () citaa warqee irratti gadhiisuun argannoo isaa irraa mal-dha’e.
Yaalii kana irra mala dha’e
 Kanneen dheessanii duuba deebi’aan waan pirootoonii handhuura atomitti argamu waliin kiphee walitti bu’aniif ta’uu
 Kannee keessa hulluquun darban dirra elektirooniin guutame keessa ta’uu fi qaamni atomii heedduun elektiroonotaan qabamu.
Yaada xumuraa yaalii Razerford
 Handhurri atoomii niwukilasii ta’uu fi chaarjii pozatiivii qabachuu.

 Charja’uun niwukilasii sababa pirootonii chaarjii pozatiivii isa keessa jiruu ta’uu isaa
 Niwukilasiin pirootonii malee suudoo niwutiiroonii chaarjii dhabeessa ta’e qabachuu.
 Atoomiin qaama xiqqoo bu’uura elementii kan walnyatiinsa keemikaalaa keessatti huirmatu ta’uu

Fakkii 3.5 Suudoo-  citaa cibiila warqee irra bu’aan
3.2.3.3 Moodelii Atoomawaa Raazerford
Moodeliin atoomawaa Ernest Raazerfoord moodelii atoomawaa yeroo jalqabaa iddoowwan suuudoowwan cita aoomii sirrii kan tilmaamedha. Kan ammayyaa waliin baayyee wal-fakkaata yommuu ta’u, garaagarummaan guddaan jiru kan Raazerfoord elektiroonotni nukilesiin alatti bakka hundaatti faca’anii qabee atoomii hundaa qabachuu isaaniiti. Elektiroonotni atoomii nukilesii keessatti kan hin argamnee fi bakka qabee atoomii nukilesiin alatti irra caalaa isaa qabatanii argamu. Moodelii atoomawaa Raazerford fakkii irraa ilaali.

3.2.4. Argannoo Nuutiroonii
Moodeeliin atoomawaa Rather Ford gaffii deebii hin argatiin tokko dhiisaa darbee ture innis atomiin haydirojiinii pirootonii tokko qabuu fi atomiin hiliyemii pirootonii lama qabu fi reeshoon hanga hiiliyemii gara hanga hayidiroojinitti kan silaa 2:1 ta’uu malu reeshoon isaa dhugaa 4:1 ta’e Gaffii kanaaf deebii kan barbaacha Fizistii biyya Ingilizii kan ta’e Jams Chaaduwak bara 1932 citaa sibiila Beriliyeemii suddoo alfaa itti biifuun claqqee annisaa guddaa qabuuf
Xiyya gaamaa waliin kan walfakkatu madduu arge. Suddoo haaraa kanas niwutiroonii jechuun moggase Niwutirooniin kuniis hangaan xinnoo kan pirootonii caalu dha.Argamuun niwutiroonii moodeelii atomii jijjire

Amaloota Nuutiroonii

 Ruqoolee niwukilasii keessaa isa tokko dha
 Charjii dhabeessa dha
 Niwukilasii atomii keessatti pirootonota waliin kan argamu
 Hangi isaa 1.0087 y.h,a ykn 1.674 x 10-24g dha

  1. Hima sirrii ta’e adda baasi.
    A/ Ayisotoppiin atoomota elementii garaagaraa lakkoofsa hangaa garaagara qabani dha B/ Ayisobaariin atoomota elementii tokkichaa lakkoofsa hangaa garaagara qabani dha C/Ayisotooniin atoomota elementii garaagaraa lakkoofsa nuutiroonii garaagara qabani dha D/ Ayisotoppiin haydiroojinii pirootiyeemiin nuutiroonii ofkeessaa hin qabdu
    E/ Hunduu deebii sirrii dha
  2. Hima sirrii hin taane adda baasi
    A/ Reeshoon chaarjii gara hangaa elektiroonii ‘Robert Millikan’niin bira ga’ame B/ Hanga sirrii elektiroonii kan shallagee argate ‘Robert Millikan’ dha
    C/ Hamma chaarjii elektiroonii kan yaaliidhaan argate ‘Robert Millikan’ dha
    D/ Argannoon nuutiroonii atoomiin uumamaan chaarjii maleeyyii ta’uu mirkaneessa
    E/ Haala teessuma suudowwan cita atoomii yeroo jalqabaatiif karaa saaqe E.Rutherford dha
  3. Amaloota xiyya kaatoodii tarreeffaman keessaa kamtu sirrii miti? A/ Utubaa baatirii kaatoodii irraa madduun gara anoodiitti yaa’u B/ Sibiila kam irraayyuu maddan amala wal-fakkaatu hin qaban
    C/ Chaarjii negaatiivii qabaachuun maqaa elektiroonii jedhamuun waamamu D/ Dirree elektirikaa fi maginetikaa keessatti ni dabu
    E/ Sarara qajeelaa irra yaa’u
  4. Xiyya kamtu citaa liidii keessa seenuu danda’a?
    A/ Alfaa B/ Beetaa C/ Gaamaa D/ Elektiroonii E/ 4 He2+
  5. Akkaataa argannoo suudota cita atoomii wal-duraa duubaan sirrii kan agarsiisu: A/ PirootooniiNuutirooniiElektirooniiNukilesii
    B/ Nuutiroonii Pirootoonii NukilesiiElektiroonii C/ ElektirooniiNukilesii PirootooniiNuutiroonii D/ ElektirooniiNuutiroonii Nukilesii Pirootoonii E/ ElektirooniiPirootooniiNuutiroonii Nukilesii
    II.Ibsa
  6. Robert Millikan hamma chaarjii elektiroonii irraa kan argate chaarjii dhaabbataa (static charge) copha zayitaa dirree elektirikaa keessatti bu’aa jiru irratti yaalii gaggeessuudhaani dha. Barataan keemistirii

3.2.5. Qabiyyee Nukilesii
Atoomiin elektiroonii pirootonii, niwutiroonii fi sudowwan kkf

Sudowwan Cita atoomii Iddo bu’ee Hanga Charjii
yha g Sadhatawaa Kolombiin sadhata
wa
Elekktiiroonii e- 0.00055 9.1 x 10-28 1 -1.602×10-19 -1
Pirootonii P 1.0073 1.673 x 10-24 1837 +1.602×10-19 +1
Niwutiroonii N 1.0087 1.674×10-24 1837 0 0

3.2.5.1. Lakkoofsa Atoomaa fi Hanga Atoomawaa

Lakkoofsa Atomawaa (z):- lakkoofsa proitonii niwukilasii atomii keessatti argamu waliin wal qixa.
Aoomiin chaarjii dhabeessaaf lakkofsi atoomawaa lakkoofsa pirotonii fi elektiroonii waliin walqixa ta’a.

Z = p = e-
Lakkoofsa hangaa (A):- hakkoofsi hangaa ida’ama lakkoofsa pirootonii fi niwutiroonii atoomii keessaa waliin walqixa dha.
A= p+n A= z+n
Iddo bu’ee elementii waliin yeroo ibsamu A
X – iddo bu’ee elementii A – Lakkoofsa hangaa
Z – Lakkoofsa Atomawaa
Fkn; 1- lakkoofsa pirootonotaa, elekktiroonota fi niwutiroonii atoomoota armaan

23 65 2
11 29

c. 35Cl 

3.2.5.2. Ayisootooppota

Atomoota elementii tokkichaa kanneen lakkoofsa atomawaa walfakkataa fi lakkoofsa hangaa garagara qaban ayisootoppii jedhamu Atomotni akkasii amala fiizikaalaa garagaraa qabu amalli keemikaalaa isaanii garuu walfakkataa dha.

FKN.

235
92

238
92

Haala dhabbataa keessatti amalli keemikaalaa elementootaa lakkoofsa pirootonii fi elektiroonii atomichi qabuun murtaa’a.
Wulamagalatti ayisotoppotni
 Lakkootfsa pirootonii, lakkoofsa elektiroonii, lakkoofsa atoomawaa fi lakkoofsa elektiroonota vaalaansii walqixa qabu.
 Lakkoofsa hangaa fi lakkoofsa niwutiroonii adda addaa qabu. Fkn -Ayisotoppota hayidiroojinii sadan
1 2 3
1 1 1
Hayidiroojiinii Ditiriyemii Tiriitiyemii
3.2.5.3. Hanga Sadhaatawaa Atoomii

Hangi sadhatawaa elementootaa hanga giddu galeessaa kan atomoota uumaman ayisotoppii walii ta’ani ti. Innis kan shallagamu hamma uumamaan argame ayisotoppichaa fi haala argama atomoota isaa hanganii fi dhibbantaan kenname irratti hundaa’un.

Fkn. Koppariin ayisootoppota lama qaba 63 Cu (69.09%) fi 65 Cu (30.91%) yoo hangi atomawaa isotoppota kanneeni duraa dubaan yoo 62.93 y.h.a fi 64.9278 y.h.a ta’e hanga sadhatawaa kopparii shallagi

Furmaata: Hanga atomawaa elementii

H1 – Hanga atomawaa elementii 1ffaa H2 – Hanga atomawaa elementii 2ffaa

 H1P1  H 2 P2
100

P1- Dhibbantaa tamsa’ee argamuu ayisotoppi 1ffaa P2 – dhibbantaa tamsa’ee argamuu ayisotoppi 2ffaa Hanga atomawaa Cu =
62.93 yha69.09 64.9278 yha30.9  63.55 yha yunitii hanga atoomawaa
100
3.2.5.4. Hanga atoomawaa Elementootaa

Akka waliigaltee addunyaatti hangi atomawaa elementii hanga elementii yunitii hanga atomawaan ibsamu dha. Yunitiin hanga atomawaa tokko 1/12 ffaa hanga karbon 12 (12 6C) tokko ti . Akka waliigaltee kanatti hangi atomawaa karbon 12 akka 12 y.h.a ta’u ta’ee hangi atomawaa elementoota kaanii kan agisotoppii karbonii kana bira qabamuun safaramu ta’a.
Hangi dhugaa atoomii C tokkoo giraama 1.993 x 10-23 dha.
Fkn- Hagi dhugaa atomii oksijinii yoo 2.667 x 10-23 g ta’e hanga atomawaa oksijinii shallagi
Hanga atomawaa =

2.66×1023 g
 1.99×1023 g 1

 15.99  16 yha

GILGAALOTA BOQONNAA
I. Gaaffilee armaan gadii akka gaafatamtetti deebisi

  1. Yaaliin copha zayitaa milkaan maal agarsiise.
    A. Chaarjii elektiroonii
    B. Saffisa xiyyootaa
    C. Hanga pirootoonii
    D. Chaarjii pirootoon
  2. Hangi elektiroonii
    A. Al-1837 hanga pirotoonii dha.
    B. Al-1837 hanga niwutiroonii dha
    C. Hanga pirootoonii waliin walqixa
    D. 9.11×10-31 kg dha
  3. Elemeentoota raadiyoo aktiivii ta’aniin kan gad hin lakkifamne kaminii?
    A. Suudoo alfaa
    B. suudoo bettaa
    C. madana gaamaa
    D. niwutiroonii
    E. deebiin hin kennamne
  4. Hanga sadhatawaa eleemeentii parsaantiin uumamaan argama ayisootoppota isaa 90% 20X fi 10% 22X ta’ee
    A. 21 B. 20.2 C. 21.8 D. 22
  5. Lakkofsi nuutiroonii atoomii 206Pb keessaa meeqa ta’a?
    A. 206 B.124 C. 82 D. 246
  6. Atoomootni eleemeentii tokkichaa hundi walqixa qabu
    A. Lakkoofsa hangaa B. lakkoofsa niwutiroonii
    C. Lakkofsa pirootoonii D. Amala fiizikaalaa
  7. Kanneen keessaa istooppota walii kan ta’an kamii
    A. 126C, 136C, 146C C. 4018Ar,4020Ca
    B. 147N,168O,189F D. 4018Ar,4220Ca,4321Sc
  8. Reshoo chaarjii gara haangaa olaanaa kan qabu kami?

A. Eleektiroonii B. Suudoo- C. Niwutiroonii D. Pirootoonii

  1. Hima sirrii ta’e filadhu
    A. Isootoppotni lakkoofsa pirootonii fi niwuutiroonii walqixa qabu.
    B. Isoobariin kanneen lakkoofsa niwutiroonii walqixa qabanii dha.
    C. Istoonootni lakkoofsa pirootonii walqixa qabanii dha.
    D. Isoobaariin atomoota elementii adda addaa dha.
  2. Ujummoon bibittineessituu gaasii kan xiyyoota kaatodii maddisiisu bu’aa maalii buuse.
    A. Niwuukilasiin matarii charjii pozatiivii qabachuu eere.
    B. Matarii hundi elektiroonii qabachuu.
    C. Pirootoniin charjii pozatiivii qabachuu.
    D. Hangi pirootonii fi niwutiroonii kan bayyee walitti siqe ta’uu.
  3. Liidiin uumamaan ayisootoppota afur qaba uumamaan argmni isaaniif hangi isaanii kennamee jira. Hanga sadhatawaa liidii shalllagi.
    Ayisootoppii Hanga(Y.h.a) Argama (%)
    204Pb 203.97 1.48
    206Pb 205.97 23.6
    207Pb 206.97 22.6
    208Pb 207.97 52.3

BOQONNAA AFUR

  1. CAASEFFAMA ELEKTIROONAWAA ATOOMOTAA
    Seensa
    Boqonnaalee darban keessatti yaad-rimee keemistirii, seenaa dagaagina keemistirii fi maaterii akkasumas, caasaa atoomawaa moodeloota atoomii Daalten, Toomsen fi Raazerfoord tti fayyadamuun akkamitti akka ibsamu ilaallee jirra. Boqonnaa kana keessatti ammoooo soodoowwan cita atoomii keessaa tokkoo fi bu’uura kan taate caasaa elektiroonawaa yaad-rimee kuwantamii irratti hundaa’uun gad-fageenyaan ilaalla. Kanaafuu, boqonnaan kun gabaabumaan kutalee gurguddoo shan kan qabu yeroo ta’u madana elektiromaginetawaa, Amaloota ifaa, yaad rime atomii Bohoor, moodelii atomii kuwantam makaniikaalaa fi Raabsa elektironii atomii irratti xiyyeeffachuun dhiyaatee jira.
    Kaayyoo boqonnichaa
    Barattootni xumura boqonnaa kanatti:-
    Amaloota ifaa ni ibsu,
    Himoota yaad-hiddama Bohoor ni addeessu, Modelii atoomawaa Bohoor ni addeessu, Modelii kuwantam-mekaanikaalaa ni addeessu,
    Gulantaa annisaa hundee fi cita gulantaalee annisaa ni ibsu, Hiika termii Raabsa elektiroonawaa ni kennu,
    Raabsa elektiroonawaa elementoota garaagaraa ni barreessu.
    4.1 Madana Elektiroomaginetawaa
    Gosootni danbalii heddutu jiru. Isaanis kanneen akka danbalii bishanii, danbalii sagalee, danbalii ifaa kkf dha. Bara 1873 itti Jams Kilaark Maksiweel ifni ijaan argamu garee dirree elektiroomaginetawaa fi diree maagineetawaa qabachuu isaa ibse. Dirreewwan elektiroomaginetawaa fi magineetawaa kanneen kan socho’an kofa sirrii walii ta’un yero ta’u saffisni isaanii walqixa dha.

Fakkii 4.1 Danbalii Elektiroomaginetawaa
4.1.1 Amaloota Madanoota Elektiroomaginetawaa
Madanni Elektiroomaginetawaa burquu fi tatamsa’uu annisaa bifa danbalii elektiroomaginetawaan ta’u dha. Madanni annisaa akka suudoo ykn tobbaa danbalii socho’u dha. Tubbaan danbalii kunis footonii jedhama.
Madanni Elektiroomaginetawaa annisaa qaama charja’ee dirree maginetikii keessa hallatuti
Madanni elektiroomaginetawaa kutaawwan sadii qaba Isaanis ifa, elektiriiksitii fi maaginetummaa dha. Madana elektiroomagineetiikii irraa ifni maddu maagineetawaa fi elektiriikawaa dha. Walumaagalatti amalli madanoota elektiroomagineetawaa karaa gurguddoo lamaan ibsama; danbalummaa fi suudummaa. Amma mee kan ifaa haa ilaallu.
4.1.1.1 Amaloota Danbalii Ifaa
Ifti addaatu gosoota madana elektiroomaginetawaa keessaa tokko dha. Calalliin Elektiroomaginetawaa birooon UV, biifama-  , biifama-x, IR, Maykirooweevii, fi Danbalii radiyoo [FM fi AM radiyoo] fayi dha.

Calaalliwwan madana elektiroomaginetawaa dheerina danbalii, Firikuweensii fi annisaa qabaniin adda addaa dha. Fiiriikuweensii fi dherina danbalii isaanii gabatee armaan gadii irraa ilaaluu dandeenya.

Gabatee 4.1 Madanoota elektiroomaginetawaa dheerina danbalii fi firikuwuunsii garaagaraan
Maqaa Dheerina danbalii (nm) Firiikuweensii (Hz) ykn
(1/s) dhaan.
Biifama gaamaa < 0.01 >3 x 1019
Biifama –X < 20 1.5 x 1016 – 3X1019 Uitra vaagooleetii (UV) 20 –400 7.5 X 1014 – 1.5 X 1016 Ifa isan ibsamu 400 – 800 3.7 X 1014 – 7.5 X 1014 Intiraadii (IR) 800 – 106 3 x 1011 – 3.7 X 1014 Danbalii raadiyoo > 106 < 3 X 1011

Annisaa qabaniin yeroo tarreeffamaniis
Biifama gaamaa > Biifama –X > UV > IR >Maykirooweevii > Danbalii raadiyoo
Ifni danbalii dha. Danbaliin tokko amaloota ittiin ibsamu qaba. Amalootni kunis

  1. Firiikuweensii
  2. Dheerina danbalii
  3. Ampiliitiyudii dha
    Firiikuweensii (f):- lakkoofsota danbalii sekondii tokko keessatti iddooo murtaa’erra darbanii dha (lakkoofsa marsaa sekondii tokko kessatti jechuudha). Kanaafuu, yunitiin isaa s-1 yommuu ta’u 1s-1 = 1Hz dha (yunitii SI).
    Dheerina danbalii (  ):- Gooba danbalii tokkoo fi isa itti aanee jiru birooo gidduu
    fageenya jiru dha.
    Ampiliitiyudii (A):- Olkaa’iinsa olaanaa danbalii tokkoon gahamuu danda’u dha.

Hub:- dheerinni danbalii fi ampilitiyuudiin yunitoota dheerinaan ibsamu. Fkn meetira(m),

0
nanomeetira(nm) fi angistiroonii (  ) dha.

1 0 = 10-10 m, 1nm = 10 0

1nm = 10m-9

Fakkii 4.3 Dheerina Danbalii
Danbalii gosa kamiifuu walitti dhufeenyi dheerina danbaliifi firiikuwensii gidduu jiru hima herregaa armaan gadiin ibsama.

Danbalii ifaatiif saffisni “C”n bakka bu’a. kanaafuu danbalii ifaatiif:
f = c/ 
Fkn-1 Firiikuwensiin danbalii raadiyoo FM magaalaa Naqamtee irraa gad lakkifamuu 96.1MHZ yoo ta’e dheerina danbalii radiyoo kanaa shallagi.
Furmaata
 = c/f waan ta’eef
Saffisni ifaa c= 3 x 108 m/s fudhacuun, akkasumaas firiikuwansii danbalii kanaa 96.1 x 106 Hz ykn 96.1X 106 s-1

 3.12m

Fkn-2 Dheerina danbalii nannoomeetiraan kan danbalii ifaa firiikuweensiin isaa 6.67 x 1014 Hz ta’ee shallagi.
Furmaata
3×108 m
s  4.50×107 m
6.67×1014 1s

Garuu 1nm = 10-9 m waan ta’eef
 = 4.50 x 10-7 m x 1nm = 450nm
10-9m
Fkn-3. Madana infirareedii dheerinni danbalii isaa 1.25 x103 nm ta’eef firiikuwensiin hangam ta’a ?
Furmaata
 = 1.25 x 103nm x 10-9m = 1.25 x 10-6m
1nm

3×108 m
f= c/   f = s  2.40×1014 s1 
1.25×106 m

2.40 x 1014Hz

Gaaffii- Danbalii elektiroomagineetawaa firiikuwansiin isaa 3.64 x 107 Hz ta’eef dheerina danbalii shallagi.
Fkn-4 Saffisa danbalii dheerinni danbalii isaa 17.4cm fi firiikuwensiin isaa 87.4Hz ta’ee shallagi
Furmaata
Danbalii ifaa irraa kan hafe kanneen hataniif saffisa danbalii (u) bakka buufna. u =  f
= 17.4cm x 87.4 Hz
= 17.4cm x87.4 s-1
= 1.52 x103cm/s
4.1.1.2 Amala suudummaa Ifaa
Ifni danbalii dha yeroo jennu amaloota danbalii qabaachuu isaa irraa kaanee ta’uu ilallee jirra. Itti aansuun ifni amala suudummaa akka agarsiisu ilaalla. kana jalattis Yaad- hiddama kuwantami pilaank fi taatee footoelektirikii Albert Anistaayin ibsuun bayyee barbachisaa ta’a.
4.1.1.2.1. Yaad-hiddama kuwaantamii pilaank
Jaarraa 20ffaa tti ta’iiwwan maaterii fi ifaa kan akka biifama qaam-gurraachaa, taatee footooelektirikii fi calalliin atoomawaa fiizistoota hedduu burjaajessee ture. Fiizistiin lammii Awustiriyaa-Jarmanii Maaksi Pilaank (1858 – 1947) atomiin annisaa ofitti kan fudhatuu fi kan baasuu danda’u dha jedhe ibse. Annisaa xiqqoo bifa madana elektirooMaaginetikiin atomootaan gad lakkifamu ykn xuuxamu kana quwaantamii jechuun moggase. Kuwantamii jechuun jecha “quanta” jedhu irraa hiikaan annisaan

murtaa’aa jechuu akka ta’e ibsa. Kanas kan inni addunyaaf ifa godhe bara 1900 tti yommuu ta’u waggoota shan booda saayintistiin beekamaan addunyaa kanaa yeroo kamiyyuu Albert Anistaayin (Fiizistii, Sayintistii herregaa fi Astiroonomerii dhalataa Jarmanii lammiin Amerikaa) waa’ee annisaa ifaa murtaa’aa ta’uu footooniin wal- qabsiisee ibse. Ifni tubbaa annisaa elektiroomaginetawaa dha. Tubbaan annisaa kunis footonii jedhama.
Maaks Pilaank annisaan(E) murtaa’aan wanti ho’e tokko ofirraa baasu ykn ofitti fudhatu foormulaa maqaa isaatiin mogga’e armaan gadi addeesse.
E= hf E- annisaa
f= firiikuwensii danbalii
h- Dhabbattoo pilaank (6.626 x 10-34 J.S)
Fkn -1 Annisaa (juuliin) ifa dheerinni danbalii isaa 5.00 x 104nm ta’ee shallagi.
Furmaata

c  c 

 3×108 m 

E  hf  h

 f    6.626×1034 J.ss   3.976×1021 J

     5.00×105 m 
 

4.1.1.2.2. Taatee Footoo-elektiriikii
Bara 1905 tti Albert Anistaayiin qorannoo geggesseen sibiilotni tokko tokko ifatti yeroo qaamni isaanii qabamu, qaama isaanii irraa akka elektirooniin furguggifamu ibse. mudannaa kanaanis taatee footooelektiriikii jedhe. Albert Anistaayin bara 1921 Badhaasa Noobil qorannoo isaa kanaaf argate.
Akka ibsa isatti ifni tubbaa annisaa footonii jedhamuu ta’uu fi tokkoon tokkoo tubbaa kunis annisaa hammi isaa E = hf qabachuu ibsuun kan Maaks Pilaank deeggare.
Yoo footoniin firiikuweensii gadaanaa qabu elektiroonii qaama sibiilaa irraa jiru rukute, elektirooniin salphatti gad hin lakkiftu; yoo kan firiikuwaansii guddaa qabu ta’e malee.
Annisaa gad aanaan qaama sibiilaa irraa elektiroonii gad akka lakkiftu gochuuf barbachisu faankshinii dalagaa (work function) yommuu jedhamu qubee Giriikii
 (faay) tiin bakka bu’a.

Annisaa fi firikuweensiin walitti dhufeenya kallattii waan qabaniif(E= hf) annisaan gad aanaa barbachisu (  ) kun akka armaan gaditti ibsama.
 =hfo
Yoo annisaa  ol kan sibilichatti gad lakkifnu ta’e annisaa inni hafe gara annisaa sochii elektironitti jijjirama. Annisaan sochii elektiroonii kanaas,
KE = ½ mev2 ta’a Me = Hanga elektiroonii V= saffisa elektiroonii
Annisaan sochi elekktiroonii kanaa yeroo firiikuwaansiin ibsamu,
K.E = hf – hfo = h (f-f0)
fo – Firiikuweensii ifaa elektiroonii qaama sibiilaa irraa gad lakkisiisuuf gahaa ta’e isa gadaana dha; f- Firikuweensii ifa sibiilatti gad-lakkifame dha.
Fkn- Ifni dheerinni danbalii isaa 400nm ta’e akka qaama sibiilaa siiziyemii rukutu yoo godhame fi annisaan sochii elektiroonii sibiila kana irraa darbatamee bahee 1.54 x 10-19 J yoo ta’e Annisaa gad aanaa elektiroonii kana gad lakkisiisuuf barbachisuu ( ) fi dheerina danbalii ifaa isa olaanaa elektiroonii qaama sibiilaa kanaa irraa gad gadhisisuuf barbachisu shallagi.
Furmaata
Firkuwensiin ifa kanaa
c  3×108 m 

f  

 s   7.50×1014 s1
 4×107 m 

 
Karaa biraatiin, K.E = h(f-fo) = hf-hfo Ammas  = hfo = hf-KE
 =hfo = [(6.63 x 10-34J s )(7.50 x 1014 1/s)] – (1.54×10-19J)
=(4.97×10-19J)-(1.54×10-19J)
= 3.43 x 10-19J
Firkuweensiin ifaa inni gad aanaan elektiroonii kana sibiilcha irra gad lakkisiisuuf barbachisu

 3.43×1019 J

14 1

f0  h  6.626×1034 J.s  5.18×10 s
Dheerinni danbalii alaanaan firiikuweensii gadaanaa irraa shallagama. Innis,

max 

3×108 m
  5.79×107 m f 5.18×1014 s1

 Gaaffilee Shaakalaa 4.4

  1. Madanoota elektiroomaginetawaa Uv, ifa mul’atu, Danbalii raadiyoo, Danbalii TV, Raadaara, Biifama-x, IR, Biifama- fi Maykirooweevii irratti hundaa’uun
    a) Akkaataa annisaan isaanii hirrisaa deemuun kaa’i.
    b) Akkaataa firikuweensiin isaanii dabalaa deemuun kaa’i.
    c) Akkaataa dheerinni danbalii isaanii dabalaa deemuun kaa’i.
  2. Ifni addaatu yommuu pirizimii keessa darbu halluuwwan bu’uuraa adda addaatti calalama. Halluuwwan kun maali irratti hundaa’uun adda ba’u?halluuwwan kanneen akkaataa:
    • Annisaan isaanii hirrisaa deemuun kaa’i.
    • Firikuweensiin isaanii dabalaa deemuun kaa’i.
    • Dheerinni danbalii isaanii dabalaa deemuun kaa’i.
  3. Firikuweensiin danbalii raadiyoo ta’e tokkoo 3.6x1010Hz yoo ta’e, dheerina danbalii isaa angistirooniin shallagi.
  4. Madanni maykirooweevii nyaata ho’isuuf tajaajilu tokkoo dheerina danbalii 1.20cm irratti hojjeta. Annisaa footoonii madana kanaa elektiroovooltiin shallagi.

4.2 Calallii Atoomawaa
4.2.1 Calallii Walitti Fufaa fi Calallii Sararaa
Akka waliigalaatti calalliiwwan gosa lamatu jiru. Isaanis
A. Calallii walitti fufaa fi
B. Calallii sararaa
A/ Calallii walitti fufaa
Calallii walitti fufaan callii halluwwan ifaa hunda qabate dha. Fkn; Sabbata waaqayyoo, calalliin ifa aduu fi kkf. ta’uu danda’u.
Ifti aduu akka walitti qabamu gochuun qallatee piriizimii keessa akka darbu yoo ta’e fi isa booda iskiriinii irra akka bu’u yoo godhame halluwwan bu’uuraa bifa hedduutu uumama. Piriizimichi ifa aduu hallu adii qabu gara halluwwan heddutti akka diigamu godha. Calalliin ifaa haala kanaan uumamu callii walitti fufaa jedhama.

Ifti aduu piriizimii keessa yeroo darbutti hallu hundaati calalama(uumama).
Gabatee 4.2 Halluuwwan ifa aduu dheerina danbalii fi firikuwuunsii garaagaraan

Hallu  (Ao) f (1014 HZ) Annisaa(10-19J)

Dhangaggoo 4000 4600 7.5 6.5 5.0 4.3
Danguleessa 4600 4750 6.5 6.3 4.3 4.2
Cuquliisa 4750 4900 6.3 6.1 4.2 4.1
Magariisa 4900 5650 6.1 5.3 4.1 3.5
Keelloo 5650 5750 5.3 5.2 3.5 3.45
Burtukaana 5750 6000 5.2 5.0 3.45 3.3
Diimaa 6000 8000 5.0 3.7 3.3 2.5

Diimaa

Fakkii 4.4 Ifa aduu piriizimii keessa darbuun halluu uumu
B/Calallii sararaa
Ifni piriizimii keessa akka darbu ta’e ifa aduu irraa ta’uun hafee qaanqee elekktirikii gaasii kanneen akka hayidiroojiinii fi hurka soodiyeemii ykn kompaawundii labooba ibiddaa irratti gubuun kan uumame yoo ta’e calalliin uumamu kan aduu irraa adda dha. Halluwwan hedduun uumaman irraa halluwwan yartuu qofatu argama. Calalliwwan kanneenis bifa sararatiin waan socho’aniif calallii sararaa jedhamuun beekamu.
Ifni elementootaa irraa maddu yeroo calallii sararaa uumutti calalliin uumamu madana dheerina danbalii hunda qabu hin uumu. Calalliin atomotaa kun elementiin tokko kan birooo irraa kan ittiin adda ba’u ta’uun tajaajila. Calalliin atomowaa kan elementoota irraa maddu kunis calallii sararaa jedhama.
Walumaagalatti qaanqa’uun atomii dabalata annisaaf sababa ta’a. Kunis elektirooniin akka qanqa’u godha. Halluun ifa kan uumamus sababa qaanqa’uu elektiroonii irraa kan ka’e dha.

4.2.2 Calallii Atoomii Haydiroojinii
Calalliin sarara atoomii haydiroojinii salphaa fi iddoo ijaan mullatu keessatti sararoota afur qofa qaba; diimaa, cuquliis-magariisa, cuquliisaa fi vayoleetii dha. Kanneen hafan IR

fi Uv keessatti argamu. Bara 1885 J.J. Balmer dheerina danbalii calallii sararaa atoomii haydiroojinii mullatuu foormulaa armaan gadiin ibse.

1  1.097×107

 1
m 22

1 ;n  gulantaa annisaa

  1. 3 Moodelii Atoomii Haayidirojinii Bohoor
    Niels Bohr Fizikstii biyya Denmork yommuu ta’u yero jalqabatiif amala elektirooniin atomii irratti qabdu kan ibse dha. Moodeelii atomii isaatiif hayidiroojiinii filate. Sababni isaas waan atomiin hayidiroojiinii salphaa, akkasumas, pirooton-tokkee fi elektiroon- tokkee ta’eefidha.
    4.3.1 Hanqinoota Moodeelii Atoomii Razerford
    Ciminni moodeelii atoomii Razerford akkuma boqonnaa sadaffaa keessatti ilaalle yommuu ta’u; kanneen armaan gadii ammoooo hanqinoota mullatanidha.
     Orbitiin geengawaa hundi kan eeyyamaman ta’uu fi tasa kan filataman ta’uu
     Akka seera elektirodayinamiksitti wanti nanna’u hundi annisaan isaa kan hir’achaa deemu ta’uu irraan kan ka’e elektirooniin kan yeroo mara niwukilasitti nannoftu yoo ta’e annisaa waan dhabaa deemtuuf niwukilasiin waan harkifamtuuf atomiin walitti shuntuura. Kanneen jedhanidha.

Yaadotni bu’uraa yaad-hiddaman atomawaa Bohoor irratti hundeeffame kanneen armaan gadii dha.

  1. Elekktiroononni dandiiwwan dhabbataa fi marsaa ta’e irra niwukilasitti naanofti. Dandiwwan kanneen orbitii jedhamuun beekamu.
  2. Annisan elektironii orbitii ta’e tokko irratti argamuu qabduufi fageenyi orbitichi niwukilasii irraa qabu hariiroo kalattii waliin qabu. Orbitiin kamuu annisaa ofii isaa qaba. Innis fageenya inni niwukilasii irraa qabu irrati kan hunda’u ta’a. Annisaa kanas haala armaan gadiitiin ibsama.
    E = – RH 1/n2
    RH – Dhabbattoo ‘Rydberg’ = 2.18 x 10-18 J n= lakkoofsa gulantaa annisaa (n=1, 2, 3 …)

Mallattoo negatiiviin kan ibsu annis elektironii atomii kan elektiroonii bilisaan jiruu gadi ta’uu isaa ti. Elektironii bilisaa yeroo jennu elektiroonii niwukilasii irraa baayyee fagaatee jiru jechuu dha. Kanaafuu (E=0) yeroo elektiirooniin niwukilasitti siqaa deemtu ‘n’ ni hir’ata.

  1. Orbiitotni fi gulantaaleen annisaa hundi elektiroonotaaf mijatoo miti(hin eyyemaman)
  2. Orbitotni elektironiif eyyamaman kan momantamii kofeen isaa nh/2  ta’e dha.
     mvr = nh/2  ; mvr = Momantamii kofee
     v = nh/2  mr ta’a. v- Saffisa elektiroonii m- hanga r- raadiyesii
    4.3.3. Radiyesii Atomii Bohoor
    Orbitiin Bohoor niwukilasii irraa fageenya murtaa’e qaba. Akka yaada Bohoor ibsetti humni elektiroonota gara keessatti harkisu (ez/r2) fi humni elektiroonota gara alatti harkisu (mv2/r) walqixxachuu qabu yoo elektirooniin kan orbitii irra soochoo’aa turtu ta’edha.

ze2  mv2

ffaa nh

ffaa

r 2 r

——–1

; v 2
2mr

2 n2 h2

Hima 2ffaa wal-qixaatoo gama lamaanuu iskuweerii gochuun: v

 4 2m2r 2

Hima 1ffaa

fi 2ffaa

irraa:

n2 h2 
4 2m2r 2

ze2 r 2

ta’a 

n2 h2
4 2m2r 2

2
 r 2 (z = 1)

Kana radiyesiif (r) sirreessuun:

n2 h2
r 4 2me2

0
 0.53  n2

ta’a (fageenya orbitiin Bohoor niwukilasii irraa qabu dha). kun

iddooo gatii dhaabbatoowwanii buusuunidha. n= lakkoofsa kuwantamii; h= 6.63 x 10-34 J.s; m = hanga elektiroonii (9.11 x 10-31kg);  = 3.14; e = 1.602×10-19C

Walumaagalatti r = n2ao; a =h2/4me2 =0.53 0

ta’a.

o 

Fkn: – Gulantaa annisaa atomii hayidiroojiinii n = 2’f moodeelii atomii Bohoor fayyadamuun raadiyesii orbitii elektirooni ,saffisa elektiroonii fi
annisaa elektiroonii shallagi.
Furmaata r= n2 a0

r= (2)2

0
(0.53  )

0
r= (4) (0.53  )

0
r= 2.12 
4.3.4. Annisaa Elektiroonii Bohoor Atoomii Haydiroojinii Keessatti
Elektirooniin orbitii isaa irra hanga jirutti annisaa hin baasu hin fudhatus. Elektirooniin yeroo oliifi gadi qanqooftu jijjirama annisaa agarsiifti. Elektirooniin gulantaa annisaa gadaanaa irraa gara olaanatti yeroo qanqofu annisaa fudhatti; yoo olii gara gaditti qanqooftu garuu annisaa baafti. Jijjiiramni annisaa elektiroonii garaagarummaa annisaa isa bakka qubannaa elektiroonii irraa isa bakka ka’umsa elektiroonii hirrisuunidha.

 2.18×1018 J  

2.18×1018 J 

18 1 

E = Ef – Ei = 
n 2

  
n 2

  E  2.18×10

J  2
n


n 2 

 f   i 
18 1 1 

 i f 

 E  hf

 2.18×10

J  
 n 2 n 2 

 i f 
• Yoo nf < ni ta’e E- negatiivii ta’a kunis annisaan ba’uu agarsiisa • Yoo n f> ni ta’e E posatiivii ta’a kunis annisaan xuuxamuu agarsiisa
Fkn:1 Dheerina danbalii footonii uumamuu yeroo elektirikooniin atomii hayidiroojinii ni = 5 irraa gara nf = 2 gad qanqoftu shallagi.

Furmaata

18 1 

18  1 1 

19

E  2.18×10

J 
 n 2 n

  2.18×10

J  52

 22   4.58×10 J

 i f 
Mallattoon negatiivii annisaan gad lakkifamuu agarsiisa.

E = hf =

c ch

hc irraa;

3×108 m

6.626×1034 J.s

  
f E

s  4.34×107 m434nm
4.58×1019 J

Tilmama momantamii kofee gaargaaramuun saffisa shallaguu. mvr = nh/2
v = hn/2mr
26.626×1034 J.s

v 
 22 

31 

10

 1.092×10

2  9.11×10
 7 

kg 2.12×10 m

Annisaan elektiroonii

E  R
n2

 2.18×1018 J
22

 5.45×10

19 J

4.3.5. Gahee Bohoor Calallii Sararaa Atomii Haydiroojinii Keessattii
Bohoor madana elektiroomaginetawaa hayidiroojinii piriizimii keessa dabarsuun ruqoolee dheerina danbalii calallii sararaa afur argatee ture. Isaanis:
Calallii nf ni kutaa callalliin itti mul’atu
Leyimaan 1 2, 3, 4 …. Uv

Balmar 2 3, 4, 6…. Uv fi Ifa ijatti mullatu
Paschan 3 4, 5, 6…. IR
Biraakeeti 4 5, 6, 7… IR
Calalliwwan hayidiroojinii kanneen keessaa kan Balmar qo’achuun ni Salphata sababiin isaas sararootni uumaman kutaa calallii ifa ijaan mul’atu keessa waan ta’aniif.

Fakkii 4.6 Calalliiwwan Sararaa Garaagaraa Biifama Calallii Haydiroojiniirraa

4.3.6. Moodelii Atoomii Haydiroojinii Bohoor
Bara 1913 fiizistiin lammii Denmaark moodelii atoomawaa waa’ee xaanxeffama calallii atoomii haydiroojinii ibsu abuureera. Yaadni tilmaamaa isaas elektirooniin atoomii haydiroojinii orbiitota (marsaa) naannawaa nukilesii irra daandii murtaa’aa qabattee sochooti kan jedhudha. Kana jechuunis daandii murtaa’aa orbiitii murtaa’aa qabdi akka jechuuti. Moodelii atoomawaa kana fakkii 4.5 irra ilaali.
4.3.7. Ciminaa fi Dadhabina moodelii Atoomawaa Bohoor
Ciminoota moodelii atoomii haydiroojinii Bohoor keessaa gurguddoon:

 Yaad-rimee kuwantamii hojiirra oolchuu isaa. Annisaan atomii keessaa hammaqamaa (quantized) ta’uu ibsuu moodeeliin atomii isaa atomoota fi ayonoota elektiroonii tokko qaban ibsuuf gahaa ta’uu fi kkf cimina isaa turan
 Waa’ee calallii sararaa atoomii haydiroojinii ibsuu isaa
Hanqinoota isaa keessaa ammoooo:
 Yaad-hiddaman atomii Bohoor kan hojii irra ooluu danda’u atomoota ykn ayonoota elektiroonii tokko qofa qaban Fkn- He+ fi Li2+ fi atomii hayidiroojiniif ta’uu.
 Calallii sararaa hayidirojiinii keessatti dirreen magineetii yeroo dabalamu sararoota haaraatu uumama sababa uumama sararoota haaraa kanaa ibsuu dadhabuu.
 Elektiroonotni amala danbalii qabachuu irraan kan ka’e amala isaanii haala Bohoor ibseen ibsuun rakkisaa ta’u.
 Gaaffilee Shaakalaa 4.10

  1. Adeemsa kamtu annisaan akka xuuxamu godha?

A/ Yommuu elektirooniin n = 6 irraa gara n = 2 itti qaanqoftu

B/ Yommuu elektirooniin H+ itti ida’amuun n = 3 irratti dhaabbattu

C/ Yommuu raadiyesii 0.212nm irraa gara raadiyeesii 0.848nm itti ceetu

D/ Yommuu firikuweensii 6.3x1017Hz qabdu irraa gara isa 5.66x1018s-1 gonfattuutti ceetu E/ D.H.K

  1. Yoo elektirooniin atoomii haydiroojinii gulantaa n =  irraa gara isa 2ffaatti gadi qaanqofte, garaagarummaa annisaa (cm-1) ifaa isii meeqa? Sararri 8ffaan calallii sararaa gulantaa annisaa meeqaffaa irraa ka’a?
  2. Elektirooniin yoo gulantaa annisaa ta’e irraa gara gulantaa annisaa 2ffaatti gadi qaanqofte dheerinni danbalii isii 397nm ta’a. Gulantaan annisaa elektirooniin kun irraa qaanqoftee dha.
  3. Dheerina danbalii elektirooniin kuufama 100v tiin guulaa jirtu tokko qabaachuu dandeessuu shallagi. (h = 6.626×10-34 J.s; C = 3x108m/s)

4.4. Moodelii Atomii Kuwantam Makaanikaalaa
Akkuma mata duree moodeelii Atomii hayidirojiinii Bohoor jalatti ilaalle N.Bohoor annisaa kan ibsuuf yaale atomii elektiroonii tokko qabdu hayidiroojijii fayyadamun dha. Yeroo lakofsi elektiroonii lamaa fi isaa ol ta’u:
 1ffaa waan wal-dhiibbaan elektiroonota lamaan giddutti uumamuuf.
 2ffaa Atoomotni birooon niwukilasii chaarjii pozatiivii lamaa fi isaa ol qaban irra nanna’u kun immoo akka isaan dandii murtaa’aa hin qabanne godha.
Moodeliin kuwantam makaanikaalaa yaada elektiroonotni orbitii geengo irra niwukilasitti naanna’u jedhu mormuun elektiroonotni niwukilasitti naanna’an illee karaa isaa kana jechuun murteessun akka hin danda’amne ibsa.
4.4.1 Hariiroo “De Broglie”
Fiizistiin lammii faransaay de Broglie namni jedhamu bara 1924 kitaaba “The Wave Theory of Matter” jedhu addunyaaf maxxansiise. Akka De Broglie tti elektirooniin niwukilasii nanna’u danbalii dhabbataa fakkata jedhe. Kana irraa ka’uun amala lamaan tokkee elektiroonii jechuniis amala suudummaa fi amala danbaluummaa qabachuu elektiroonii ykn wanta birooo ibse.
Ibsa herregaa De Broglie
E = mc2 [Hima Albert Anistaayin] E= hf [Hima maaks pilaank] Hima lamaan wal-qixxeessuun:
mc2 = hf
f– Firiikuwensii
mc2 = h(c/  ) saffisa suudoo waliigalaaf bakka “C” “v” buusuun
Hima kana irraa elektirooniin waan hanga qabduuf amala suudoo qabachuu fi waan dheerina danbalii qabduuf amala danbaliis qabachuu hubanna.
Fkn; – Elektiroonii saffiisa 63m/s tiin sochootuuf dheerina danbalii shallagi.
Furmaata

  h 
mv

6.626×1034 J.s
9.11×1031kg63 ms 

 1.2×105 m

 1.2×104

nm ;

kutaa infiraadii keessatti mul’ata.

4.4.2 Seera Mamii Heezenberg
Fiizistiin Awustiriyaa-Jarmanii Werner Heesenberg namni jedhamu bara 1927tti waa’ee seera mormii maqaa isaatiin mogga’e himeera.
Akka seera Heezenbergitti suudoo amala danbalii qabu bakka isaa murteessuun rakkisaa ta’uu ibsuun dandii dhabbataa ta’e irra nanna’uun elektiroonii kijiba jedhe seera isaatiiniis “Moomantamii elektiroonii fi iddooo itti argama elektiroonii al tokkotti murteessuun hin danda’amu” jedhe.
Yaada isaas hima armaan gadiin ibse.
X . p > h/4
X. mv> h/4
Hub; – Sirrummaan safara momantamii iddooo eleektirooniin qabatteef mamsiisaa dha.Yoo iddooon itti argama suudoo sirritti tilmaamame moomantamii suudo sirrummaan isaa gad aanaa ta’a jechuu dha. Kanaafuu saffisaa fi iddooo itti argama elektiroonii altokkootti murteessuun hin danda’amu.
Fkn – Mamiin iddooo itti argama elektiroonii 1 x 10-11m yoo ta’e mamiin saffiisa elektirooniin qabdu meeqa ?
Furmaata X = 10-11m
me = 9.11 x 10-31 kg
h = 6.63 x 10-34 J.5
x.mv = h/4 V = h/4
6.626×1034 J.s
V = h/ 4. x m = 4×3.141×1011m9.11×1031kg  5.79×10
4.4.3 Yaada bu’uraa Moodeelii kuwantam makaanikaalaa
Fiizistiin Awustiriyaa-Jarmanii Erwin schroodinger namni jedhamu bara 1926tti waa’ee “hima herregaa amala danbalii elekktiroonotaa fi annisaa isaanii walitti firoomsu abuure.

59

Fakkii 4.7 Moodeelii kuwantam makaanikaalaa.
Himni kun amala danbalii suudotaa fi seera mormii Heezenbergin kan deggeru dha.
4.4.4. Ibsa Wal-qixxaatoo Danbalii “Schrodinger” (Qualitative Treatment of the Schrodinger Wave Equation)
Himni Herregaa kun walxaxaa ta’uu isaa irraan kan ka’e sadaarkaa kanatti hin ilaallu garuu furmaatni hima kanaa qubee Giriikii “psi” ( ) jedhamuun bakka buufama. Innis fanksinii danbalii jedhama.
Fanksiniin danbalii kun iddooo itti argama elektiroonii ispeesii (kal-sadee) keessatti tilmaamuuf fayyada. Bakka itti argama elektiroonii kana jechuun murteessuun yoo hin danda’amne iyyuu tilmaamuun ni danda’ama. Bakka elektirooniin olaantummaan itti argamtu jedhamee tilmaamamu orbitaaala jedhama.
Elektirooniin yeroo kenname tokkotti orbitaaala kana keessaa iddoo ta’etti argamti garuu yeroo ishee hedduu bakka tilmaamame kanatti dabarsisti.
Kanaafuu, elektirooniin suudoo saffisa olaanaan sochootuufi kan akka duumessa elektirooniitti (electron cloud) ilaalamuu malu dha. Furmaata wal-qixaatoo danbalii Schroodinger kan ta’e lakkoofsi kuwantamii makaniksii keessatti caasaa elektiroonii ibsuuf saayinsii ammayyaa keessatt iddooo guddaa qabata.

4.4.5. Lakkoofsa Kuwantamii
Elektirooniin lakkoofsa kuwantamii afuriin bakka buuti. Lakkoofsi quwantamii sadan jalqabaa (n,  fi m ) fankshinoota danbalii bakka itti argama elekktiroonii ispeesii keessatti tilmamuuf fayyadani dha. Inni afuraffaan (ms) amala maginetummaa elektiroonii waliin wal-qabata. Innis lakkoofsa kuwantamii ispiinii jedhama.
Lakkoofsi kuwaantamii hamma, boca fi kallatti orbitaaalotaa kan nu qayyabachisan dha.
Isaanis:-

  1. Lakkoofsa kuwantamii bu’uuraa (n)
  2. Lakkoofsa kuwantamii kofee (  )
  3. Lakkoofsa kuwantamii magineetikii (m  )
  4. Lakkoofsa kuwantamii Ispiinii (ms)
  5. Lakkoofsa Kuwantamii Bu’uuraa (n)
     Lakkoofsi kuwantamii bu’uraa hamma atomii fi annisaa orbitaaalaa murteessa.
     Gatiin isaas: n= 1 , 2, 3, 4 … ykn qubeen K, L, M, N O …dha.
     Lakkoofsa Orbitaaalaa ni murteessa; innis n2 ta’a.
    Fkn: – yoo n =2 ta’e lakkoofsi oribaalaa 22 = 4 ta’a
     Baay’ina elektiroonii gulantaa annisaa irratti argamanii murtessa; innis 2n2 ta’a. Fkn: – yoo n=2 ta’e lakkoofsi eleektiroonota gulaantaa annisaa kana irraa inni olaanaan 2(2)2=8 ta’a.
     Annisaa atomii murteessa
    E = -RH/n2; Fkn; – yoo n= 2 ta’e,

E  2.18×10

18

J  1   2.18×10
n

18

 1 
 22 

2.18×1018 J
4

 4.45×10

19 J

   

  1. Lakkoofsa Kuwaantamii Kofee (  )
     Boca orbitaaalaa ibsa.
     Gatiin isaas o hanga (n-1) tti dha.
    Fkn:- Yoo n =3 ta’e gatiin isaa 0, 1 fi 2 ta’a. Kunis waan (n-1) = 3-1 = 2

Gatii  0 1 2 3…
Maqaa orbitaaalaa S p d f…
 Annisaa orbitaaalaas ni agarsiisa; kunis s < p < d < f … ta’a.
 Walitti qabamni orbitaaalotaa ‘n’ gos-tokkee qabanii sheelii jedhamu.

  1. Lakkoofsa Kuwaantamii Maaginetikii (m  )
     Lakkoofsi kuwaantamii Maaginetikii diriirfama orbitaaalotaa ispeesii kal-sadee keessaa ibsa.
     Gatiin isaas lakkoofsa kuwantamii kofee irratti hundaa’a. Innis –  hanga +  dha.
    Fkn: – yoo  = 0 ta’e, m = 0
     = 1 ta’e, m  = -1, 0, 1
     = 2 ta’e, m  = -2, -1, 0, 1, -2 fi kkf.
    Walumaagalatti yoo gatiin  = x ta’e baayinni gatii m = 2x+1 ta’a.

Fkn: – yoo  = 2 ta’e baayinni ml= 2(2)+1 = 5 ta’a. Isaanis, -2, -1, 0, 1, -2 shanan jechuu dha.

  1. Lakkoofsa Kuwantamii Ispiinii (ms)
    Akka yaad-hiddama elekktiromagineetikiitti chaarjiin naanna’u hundi dirree magineetawaa uuma. Haaluma kanaan elektirooniin yoo kan orbitii ishee irra nannooftu ta’e akka amala maginetummaa qabaatti jechuu dha. Kanaafuu amala kana ibsuuf jecha lakkoofsi kuwaantamii ispiinii barbaachisaa ta’a. Innis gatii
    ms = +1/2 ykn ms = -1/2 qaba. Kana jechuun gara sa’atii fi faallaa sa’atiin itti naanna’uu elektiroonii (clockwise or counterclockwise) agarsiisa jechuudha.

Yommuu elektirooniin sochii dirree maginetawaa waliin wal-fakkeeffamtu

Yommuu elektirooniin sochii dirree maginetawaa faallaan wal-fakkeeffamtu

Fakkii 4.8 Sochii Elektirooniin Kirkira (Hollannaa) Mataa Ofiisheerratti Gootuu Gabatee 4.3 Caasaa Elektiroonii Lakkoofsa Kuwantamiin
Lakkoofsa
kuwantamii bu’uraa (n) Lakkoofsa kuwantamii
kofee (  ) Gita sheelii Bakka bu’u Lakkoofsa kuantamii
maginetikii ( m ) Lakkaafsa
Oribtaalota cita sheelii keessaa
1 0 1s 0 1
2 0 2s 0 1
1 2p -1, 0 ,+1 3
3 0 3s 0 1
1 3p -1, 0, +1 3
2 3d -2, -1, 0 ,+1, +2 5

4.4.5. Boca orbitaaalota (s, p, fi d)
Bakki elektiroonotni “s” tilmaama olaanaan keessatti argaman jalqabbiin isaa niwukilasii atomii ta’ee ispeesii isfeerikaalii dha. Orbitaaalli 1s isaa xiqqoo yeroo ta’u gara 2s, 3s guddachaa deema

(a) Caasaa Orbitaaalota s

Isfeeriin kun kan agarsiisu bakka elektirooniin 90% yeroo ishee keessatti dabarsitu dha. Orbitaaalotni p lakkoofsa kuwantamii bu’uuraa kamiifuu siiqqee sadii kanneen waliif koofa sirrii hojjetaniin argamu. Isaanis Px , Py fi Pz jedhamu

Orbitaaalotni ‘d’ shan jiraachuu armaan olitti ilaallee jirra. Isaanis yeroo n = 3 fi isaa ol ta’u kan uumaman ta’u. Fakkiin Isaanis kan ‘p’ fi “s” caalaa walxaxaa dha.

4.5. Raabsa Elektiroonii
Raabsi elektiroonota atoomii elementii tokkoo karaa sheeliin, saab-sheeliiniifi orbitaaalotaan ta’uu danda’a. Haa ta’u malee karaa orbitaaalotaan raabsuun dadhabsiisaa fi wal-xaxaadha. Sadeen keessaa mijataaniifi caasaa elektiroonii kan orbitaaalotaatti aanee sirriitti kan agarsiisu saab-sheeliidha (bifa nsnpndnf…tiin). Lakkoofsotni kuwantamii arfan armaan dura ilaalle elektiroonii guutummaan guutuutti bakka buusuun agarsiisuuf (label) nu gargaaru; ykn teessoo elektiroonii atomii keessaa murteessuuf nu fayyadu. Akkuma zoonii, goodina, magaalaa fi gandi teessuma nama tokkoo ibsan jechuu dha.
Fkn: – 2311 Na Bifa sheeliin: 2, 8, 1 Bifa saab-sheeliin: 1s2 2s2 2p6 3s1
Bifa orbitaaalotaan: 1s2 2s2 2px2 py2 pz2 3s1 ta’a.
Sheelotaa fi Damee sheelotaa
 Lakkoofsi elektiroonii olaanaa dameewwan sheeliitiin qabatamuu danda’an
Gabatee 4.4 Saab-Sheelotaa Fi Baayina Elektiroonotaa Isaan Baachuu Danda’an

Damee sheelii Baay’ina elektiroonii olaanaa baachuu
danda’uu
S 2
P 6
D 10
F 14

Fkn: – Elektiroonii orbitaaala 3p keessaatiif lakkoofsa kuntamii arfan barreessi.
Deebii: – Lakkoofsi kuwantamii bu’uuraa n = 3 dha; akkasumaas, gatii lakkoofsa kuwantamii kofee  = 1, kunis kan ta’e waan orbitaaalii ‘p” ta’eef  = 1 fi gatiin
m = -1, 0, 1 ta’uu danda’a. Lakkoofsi kuwantamii ispiinii +1/2 ykn –1/2 waan ta’uu danda’uuf bifa adda addaa ja’an elektiroonii kana bakka buusuun ni danda’ama. Isaanis
(3, 1, -1, +1/2) (3, 1, -1, -1/2)
(3, 1, 0, +1/2) (3, 1, 0, -1/2)
(3, 1, 1, +1/2) (3, 1, 1,-1/2)
4.5.1 Seerota Raabsa Elektiroonotaa
4.5.1.1. Seera “Aufbau”
Akkuma olitti ilaaluuf yaalle raabsi elekktiroonii haala faffaca’iinsa elektiroonotaa orbitaaalota atomii keessaa kan ibsu ta’uu hubannee jirra. Rabsaa elektiroonii atomii otoo hin barreessiin dura seerota kanaaf nu gargaaran beekun barbachisaa dha. Isaan keessaa tokko seera “aufbau” dha. Innis jecha afaan Jarmanii “Jalaa ol ijaaraa deemu” kan jedhu irraa kan dhufe yommuu ta’u; raabsi elektiroonii atomii gulantaa annisaa gad-aanaa irraa eegalee ol naqamaa deema kan jedhudha.
Fakkii 4.10 Akkaataa Raabsa elektiroonota seera “aufbau”n
Tartiibni guutamiinsa elektiroonii orbitaaala 1s irraa eegalee akkaataa annisaan saabsheelotaa dabalaa deemuun jalaa ol tarraa’aa deema.
1s < 2s < 2p< 3s < 3p < 4s < 3d < … jechaa itti fufa.
Fkn:- 2311 Na = 1s2 2s2 2p6 3s1 ta’a.
4.5.1.2. Seera paawulii

Himni seera kana: Elektiroonotni lama atoomii keessaa tokkicha keessaa al-tokkichatti lakkoofsa orbitaaalotaa afran tokkicha qabaachuu akka hin dandeenye addeessa.
Akka seera kanaatti orbitaaalli tokko elektiroonii kallattii fallaa qaban lama qofa baachuu danda’a. Kana jaechuun elektiroonotni lamaan atoomii keessaa orbitaaala tokko irratti cimdeeffaman wal-faallaa ofirra kirkiru jechuudha.
Fkn:- 3s2 keessatti elektiroonotni lamaan gatii n =1,  = 0 fi m = 0 tokkicha yommuu
qabaatan; gatii ms garuu garaagara qabaatu; yoo tokko +½ qabaate inni birooo ammoooo dirqama – ½ qabaata.

4.5.1.3. Seera Hundi

Himni seera kanaaa ammoooo elektiroonotni orbitaaalota annisaa wal-gitu qaban irra yommuu raabsaman qeenxeen odoo wal hin ga’iin hin cimdeeffaman kan jedhuu fi haalli sochii isaaniis orbitaaalota kana irra wal-tarree kirkiru kan jedhudha..
Fkn:- 2p3 keessatti halli teessuma elektiroonii:
Ta’uu qaba malee ta’uu hin qabu
Fkn:- Atomiin oksijinii elektiroonota saddet qaba. Elektiroonota kanneen hundaaf lakkoofsa kuwantamii arfan barreessun bakka buusi.
Mee dura orbitaal-diyagiraamiin akka armaan gadiitti haa agarsiifnu: 1s 2s 2p(2px,2py,2pz)
Elektiroonii N  m  ms Gosa orbitaaalaa
1 1 0 0 +1/2 1s
2 1 0 0 -1/2 1s
3 2 0 0 +1/2 2s
4 2 0 0 -1/2 2s
5 2 1 -1 +1/2 2px,2py,2pz
6 2 1 0 +1/2
7 2 1 1 +1/2
8 2 1 1 -1/2

GILAGAALOTA BOQONNAA
I. Dhugaa/Soba(sababeessi)

  1. Xiyyootni ifaa lama firikuweensii wal-qixa yoo qabaatan dheerina danbalii fi halluu tokkicha qabaatu
  2. Ifti aduu gosa madana elektiroomaginetawaa ti
  3. Elektiroonotni 3s2 irraa lakkoofsota kuwaantamii 2ffaa ()tiin adda ba’u
  4. Calalliin sararaa atoomii haydiroojinii Balmer jarreen kaan caalaa firikuweensii olaanaa qaba
  5. Yoo P = 0 ta’e gatiin z =  ta’a; kun kan agarsiisu mamiin iddooo itti argama elektirooniif qabnuu olaanaa ta’uu dha
    II. Deebii Sirrii Ta’e Filadhu
  6. Dheerinni danbalii gabaabaa ta’e isa kami?
    A/6.3×10-5cm B/7350nm C/3.5×10-6m D/8.5×109µm
  7. Dheerina danbalii elektiroonii atoomii hayidiroojinii gulaantaa annisaa n=2 irraa gara n=1 tti gad qaanqoofteef naanoomeetiraan meeqa ta’a?
    A/121 B/ 364 C/486 D/247 E/ D.S.H.K
  8. Walitti qabaan lakkoofsa quwaantamii n=2,  =1 fi m =0 ilaalchisee sirrii kan ta’e kami?
    A/ Hin eeyyamamu B/Elektiroonota orbitaaala 2d keessaa agarsiisa C/ Elektiroonii orbitaaala 2p keessaa agarsiisa
    D/ Orbitaaalota walfokkaatoo ta’an shan agarsiisa.
  9. Amala suudummaa suudoo elektiroonii kan hin ibsiin kami?
    A/ E = mc2 B/ Taatee footooelektirikii C/ Annisaan murtaa’uu ishee D/ Hanga E/D.H.K
  10. Modeliin Bohr micireewwan armaan gadii keessaa kam irratti ibsa quubsaa hin kennu?
    A/ H B/ He+ C/ Li2+ D/ Li+ E/ Be3+
  11. Sibiilli molbidineemii dhiibbaa footooelektirikiitiin elektiroonii ofirraa gad- dhiisuun dura madana annisaa gadaanaa 7.22×10-19J ofitti xuuxuu qaba. Yoo anniis-sochiin olaanaan elektiroonii kanaan gonfatamuu danda’uu 9.3×10- 19J/electron ta’e dheerinni danbalii (nm) gadaanaan meeqa ta’a?
    A/ 275 B/ 120 C/ 155 D/ 213.74 E/ D.H.K
  12. Elektirooniin bakka kam irratti (n) sukaa’ina olaanaa qabdi?
    A/ 1 B/ 2 C/ 3 D/ 4 E/ 
  13. Yoo n = 4 ta’e, gatiin m ta’uu kan hin dandeenye kami?
    A/ -4 B/ 3 C/ -3 D/ 0 E/ -1
  14. Tuuta lakkoofsota kuwantamii armaan gadii keessaa elektiroonii atoomii haydiroojiniif kamtu heeyyamamaa dha?
    A/ n = 2,  = 1, m = 1 B/ n = 1,  = 0, m = -1 C/ n = 4,  = 2, m = -4 D/ n = 3,  = 3, m = 0 E/ n = 2,  = 2, m = -2
  15. Hariiroo kamtu sirrii miti?

A/  

RH  1
2

2  B/ 

RH  1
2

  
2  C/ E  RH  2 2 

 

hc  n 

hc  n 

 
 i f 

RH  1 1 

14 1

18

D/ f 

 
h  n 2 n 2 

E/ 3.29×10 s

 2.18×10 J

F/ D.S.H.K

 i f 

  1. Adeemsa kamtu annisaan akka xuuxamu godha?
    A/ Yommuu elektirooniin n = 6 irraa gara n = 2 itti qaanqoftu
    B/ Yommuu elektirooniin H+ itti ida’amuun n = 3 irratti dhaabbattu
    C/ Yommuu raadiyesii 0.212nm irraa gara raadiyeesii 0.848nm itti ceetu
    D/ Yommuu firikuweensii 6.3x1017Hz qabdu irraa gara isa 5.66x1018s-1 gonfattuutti ceetu E/ D.H.K
  2. Waa’ee modelii atoomii irratti kamtu isa ammayyaa irraa gara isa duriitti sirrii dha?

A/ DaltonRutherfordBohrThomson  Moodelii Atoomii Mekaanikaalaa B/ Moodelii Atoomii Mekaanikaalaa Rutherford  Bohr Thomson Dalton C/ DaltonThomsonRutherford Bohr  Moodelii Atoomii Mekaanikaalaa D/ Moodelii Atoomii MekaanikaalaaBohr Rutherford Thomson  Dalton E/ Thomson DaltonBohr  utherford Moodelii Atoomii Mekaanikaalaa

  1. Eleektiiroonotni atoomii afuur lakkoofsa quwaantamii armaan gaditti kenname qabu. Elektirooniin annisaa olaanaa irratti argamu kami?
    A/n=3 ,  =0 m  =0 ms=-1/2 B/n=4 ,  =0 m =0 ms=+1/2
    C/ n=4 ,  =1 m =-1 ms=-1/2 D/n=3 ,  =2 m =0 ms=+1/2 E/ D.S.H.K (deebii sirriin hin kennamne)
  2. Lakkofsi quwaantamii m eleektiroonii orbitaaala 5f keessaa
    A/+1/2 ykn -1/2 ta’a. B/lakkoofsa intiijarii 0-5 gidduu jiran ta’uu danda’a. C/-5 hanga 5 ta’uu danda’a D/-3 hanga 3 ta’a. E/ hundaa
  3. Atoomii argoonii elektiroonota 10 qabuuf eleektiroonota meeqaaf gatiin m  =1
    ta’a? A/4 B/0 C/6 D/2 E/ D.S.H.K
  4. Lakkoofsa quwaantamii armaan gaditti kenname orbiitalota isaan duraa duubaan bakka bu’aan kami?

T.L N  m  Ms
1 3 2 2 +1/2
2 2 1 0 +1/2
3 4 3 -1 +1/2
A/3p,2s,4f B/3p,2s ,4d C/3d,2s,4d D/3d,2p,4f E/ D.S.H.K

  1. Lakkofsi quwaantamii eleektiroonii atoomiif hin eyyamaamne kami?

T.L n  m  Ms
1 2 0 -1 +1/2
2 4 2 +2 -1/2
3 5 3 0 -1/2
4 2 2 0 -1/2
5 3 1 -1 0

A/1,4,5 B/3,5 C/1,5 D/2,3,5 E/ Hundaa

  1. Raabsa eleektiroonii sirriin atoomii eleemeentii Antiimoonii lakkofsi atoomawaa isaa 51 ta’ee kami?
    A/[Ar]5S23d105p3 B/[Kr]4S23d104p3 C/[Ar]4S24d104p3 D/[Kr]5S24d105p3 E/ D.S.H.K
  2. Eleektiroonii gulaantaa annisaa He+ n=6 irraa gara n=2 gad qaanqoofteef annisaa gadi lakkifamu juuliin meeqa?
    A/2.18×10-18 B/1.94×10-18 C/4.84×10-19 D/9.69×10-19 E/ D.S.H.K
  3. Gaffii 10ffaa keessatti firiikuweensiin elektiroonii kanaa (HZ) meeqa ta’a? A/2.47×1015 B/2.93×1015 C/6.17×1014 D/5.20×1013 E/ D.S.H.K
    III. Deebii Gabaabaa fi Hojiin Agarsiisii
  4. Garaagarumaa calallii sararaatiifi calallii itti fufaa ibsi.
  5. Faayidaa calallii sararaa fi akkaataa inni itti uumamu ibsi
  6. Footooniin maalii? Footoonii firiikuweensiin isaa 3x1015HZ ta’eef annisaa isaa Shallagi. Yoo annisaan isaa 2×10-20 J ta’e dheeriina danbalii footoonii kanaa shallagi.
  7. Yaad-hiddaman atoomawaa Bohoor atoomoota elektiroonii lamaaf isaa ol qabaniif maa hojii irra ooluu dadhabe?
  8. Yoo gatiin m eleektiroonii tokoo inni guddaan 3 ta’e elektirooniin kun cita
    sheelii isa kam keessatti argamti?
  9. Caasaa orbiitaalotaa fi annisaa isaanii adda baasanii qo’achuun maaliiif barbaachise?
  10. Faayidaalee Raabsi elektiroonii elementotaa qabuu tarreessi.
    .

SEENSA

BOQONNAA SHAN

  1. GABATEE RAMADDII ELEMENTOOTAA

Yaad-rimeen ramaddii elementoota kan raacataa’uu jalqabe jaarraa 19ffaa walakkeessa boodadha. Keessumaayyuu dagaagina keemistiriif gumaacha guddaa gochaa kan turan fiizistootni erga keemistootni garaagaraa akka burqaniif sababa ta’anii booda. Waa’een qo’annoo moodelii atoomawaa, argannoon suudoowwan cita atoomii, argannoon madanoota (xiyyota) garaagaraa, argannoo elementoota radiyoaktiivii, walumaagalatti, caasaa atoomii elementootaa fi caasaa elektiroonii atoomotaa qo’achuun gabatee ramaddii elementootaa hanga ammayyaattiif sababa ta’eera.
Gabateen ramaddii elementootaa kan keemistootni amala elementoota gad-fageenyaan walitti fiduun kan ittiin qorachuuf dandeessisu dha.
Leenjifamtootaa! Boqqonnaa kana keessatti waa’ee seenaa dagaagina ramaddii elementootaa haala hundeeffama gabatee ramaddii ammayyaa fi amaloota gooroo elementootaa garee fi tarree keessatti qaban, hariirroo raabsi elektiroonii ramaddii elementoota keessatti qabu fi faayidaa gabatee elementootaa ilaalla.
Kaayyoo boqonnichaa
Barattootni xumura boqonnaa kanatti:-
Seenaa dagaagina gabatee ramaddii elementootaa ni ibsu,
Seera ramaddii elementootaa Mandaliivii fi kan ammayyaa ni wal- madaalchisu,
Tarree fi garee elementotaa ni addeessu,
Hariiroo Raabsa elektiroonotaa fi caasaa gabatee ramaddii elementootaa gidduu jiru ni ibsu,
Jijjiirama amaloota waliigalaa elementoota gabatee peredikii keessattii (garee fi tarree keessattii) ni ibsu,
Qo’annaa keemistirii keessatti faayidaa gabateen ramaddii elementootaa qabuu ni addeessu.
5.1 Seenaa Dagaagina Gabatee Ramaddii Elementootaa
Kutaa kana jalatti seenaa dagaagina gabatee ramaddii elementootaa keessatti keemistoota gumaacha gurguddoo buusan ilaalla.

5.1.1 Seera Sadanii Doberineer
Bara 1829 keemistii biyyaa Jaramanii kan ta’e “J. Doberiner” elementoota yeroo sana jiran hunda iddooo sadittii qooduun qo’ateera.
Seerri J. Doberiner kunis seera sadanii (the law of traids) jedhamuun beekama. Seerrichis hangi atoomawaa fi amala elementootaa giddutti (walakkeessatti) argamanii gatii gidduu galeessaa hanga atoomawaa fi amaloota elementoota marsanii jiraniiti kan jedhu dha.
Fkn a/ 35.5 Cl ,80.9 Br , 126.9 I b/ 4o.08 Ca , 87.62 Sr , 137Ba.
C/ 6.94 Li , 22.99 Na , 39.10 K
Kan ‘a’ jalaa fudhannee yoo ilaalle
Hongi atoomawaa Br =

Hanga atoomawaa Cl  Hanga atoomawaa I  35.5 126.9  81.2

ta’uu isa agarsiisa.

2 2
Kunis hanga atoomawaa Br itti kan hiiqu dha.

5.1.2 Seera Saddettanii Niyuulaand
Joon Niyuulaand (1838 – 1898) keemistiir beekamaa Ingilizii bara 1865 elementoota yeroo sana naannoo 63 ta’an hunda iddooo saddeetitti raabsuun amalli elementii isa tokkoffaa fi isa saddeettaffaa irratti argamuu waliin amalaan wal fakkaatu jedhe. Seerri kunis seera saddeetii (law of octaves) Niyuulaand jedhamee beekama. Seerrichis amalootni elementootaa dannaba saddeet- saddeetiin deddeebi’anii wal fakkaatu. Kana xiinxaluuf gabatee Niyuulaand ilaali.
Gabatee 5.1 Ramaddii Elementootaa Niyuulaand (seera saddeetii)

H Li Ga B C N O
F Na Mg Al Si P S
Cl K Ca Cr Ti Mn Fe
Co/Ni Cu Zn Y In As Se
Br Rb Sr Ce/La Zr Di/Mo Ro/Ru
Pd A9 Cd U Sn Sb Te
I Cs Ba/V Ta W Nb Au
Pt/Ir Tl Pb Th Hg Bi Cs

5.1.3 Gabatee Ramaddii Elementootaa Mendeliiv
Bara 1869 keemistiin beekamaa biyya Raashiyaa Diimetirii Mendeliiv (1836 – 1907) fi keemistiin biyyaa jamanii Lootarii Meeyer (1830 – 1895) gabatee ramaddii elementootaa kan ramaddii ammayyaatiif gumaacha guddaa godhe qophaa qophaa isaanii hojjetaniiru. Ramaddiin gabatee Mendeliiv ramaddii Niyuulaand caalaa fooyya’aa dha. Mendeliiv dabalalataan amaloota elementootaa gara fuula duratti argamaniif iddooo sirrii tilmaamee lafa ka’eera. Kun ammoooo tilmaama saayinsaawaa keessaa isa tokkodha.
Fkn; – Amaloota elementootaa Eka almuniyemii fi Eka silkoonii jedhee bara 1871 gabaasee fi bakka elementoota kanaa wal duraa duubaan Gaaliiyemii (Ga) fi Jermaniyemii (Ge) jedhamanii bara 1856 argamaniin baayyee walitti dhuufeenya gaarii qabaachuu isaanii ti. (Eka – dura (first))
Gabatee 5.2 Amaloota jermaaniyeemii Mendeliiviin tilmaamamee fi amaloota isaa sirrii safaramee bira ga’amee
T.L Amaloota Amaloota eka silikeniif(E) Mendeliiviin
tilmaamaman Amalooota sirrii jermaaniyeemii(Ge) safaramanii bira
ga’amanii
1 Hanga atoomawaa 72 yha 72.61 yha
2 Halluu Sibiila giraancaa Sibiila giraancaa
3 Rukkina 5.5g/cm3 5.32g/cm3
4 Qabee moolaarawaa 13cm3/mol 13.65cm3/mol
5 Dandeettii ho’aa addaa 0.31 J/g.k 0.32 J/g.k
6 Foormulaa oksaayidii EO2 GeO2
7 Rukkina oksaayidii 4.7g/cm3 4.23g/cm3
8 Rukkina saalfaayidii fi ES2: H2O keessatti hin GeS2: H2O keessatti hin

rukkina isaa    bulbulamu;  bishaan (NH4)2S of-keessaa qabu keessatti ni bulbulama  bulbulamu; bishaan (NH4)2S of-keessaa qabu keessatti ni

bulbulama
9 Foormulaa kilooraayidii fi
qabxii danfinaa isaa ECl4(1000C) GeCl4(840C)
10 Rukkina kilooraayidii 1.9g/cm3 1.844g/cm3
11 Qophii elementichaa Ridaakshinii K2EF6
bakka Na jirutti Ridaakshinii K2GeF6
bakka Na jirutti

Gabateen ramaddii elementootaa Mendeliiv elementoota yeroo sanatti beekaman 66 of- keessaa qaba ture. Gabateen ramaddii elementootaa Mendeliiv kan hanga atoomawaa elementootarratti hunda’e ta’ee garee fi tarree qaba.
Gabatee 5.3 Gabatee Ramaddii Elementootaa Mendeliiv Bara 1972 Maxxanfame

5.2 Gabatee Ramaddii Elementootaa Ammayyaa
Gabateen ramaddii elementootaa Mendeliiv, gabatee ramaddii elementoota ammayyaa irraa garaagarummaa haa qabatayyuu malee bu’aa guddaa buuseera. Garaagarummaan guddaan gabatee Mendeliiv fi gabatee ammayyaa gidduu jiru gabateen ramaddii elementootaa ammayyaa lakkoofsa atoomawaa (Z) irratti hundaa’uun hojjetamuu isaa ti. Bara 1913 beekaan fiiziksii biyyaa Ingilizii henerii Moosilee elementoota lakkoofsa atoomawaa isaaniirratti hundaa’uun garee fi tarretti ramadeera.
Ramaddiin elementoota ammayya lakkoofsa atoomawaa elementootarratti hunda’uun qopha’e. Kenaafuu gabateen ramaddii elementootaa ammayyaa ramaddii Raabsa elektiroonotaa irratti hunda’e jechuu dha. Raabsa elektiroonota keessatti lakkoofsi sheelii ellektiroonotni iraatti raabsaman tarree elementii sanaa yommuu agarsiisu elektirooniin sheelii alaa (valence electron) ammoooo garee elementii sanaa agarsiisa jechu dha.
5.2.1 Seera Gabatee Ramaddii Elementootaa Ammayyaa
 Seerri gabatee ramaddii elementootaa ammayyaa amalli elementootaa irra deddebii lakkoofsa atoomawaa (elektiroonii) isaanii ti kan jedhu dha.

GAREE

Bakka Bu’ee Keemikaalaa

Maqaa Keemikaalaa
Hanga Atoomawaa =A = #n+#p

 SIBIILOTA   

Gabatee 5.4 Gabatee Ramaddii Elementootaa Ammayyaa

5.2.2 Raabsa Elektiroonotaa fi Gabatee Ramaddii Elementootaa
Ramaddiin gabatee elementootaa lakkoofsa atoomawaa elementootaa irratti hunda’uun qopha’uusaa ilaalleerra. Kunis raabsa elektiroonota waliin hariiroo bifa qabuun hojjetame; kana jechuunis raabsa elektiroonota keessatti lakkoofsi sheelii elektiroonotni irratti raabsaman lakkoofsa tarree elementiin kun gabatee ramaddii keessatti argamu yommuu ibsu, elektirooniin sheelii alaarratti (gara dhumarratti) argamu ammoooo lakkoofsa garee elementiin kun keessatti argamu ibsa. Raabsi elektiroonii elementootaa amala keemkaalaa fi fiizikaalaa elementootaa ibsuuf gargaara haaluma kanaan elementootni amalaan wal-fakkaatan elektiroonii sheelii alaa isaanii irratti hunda’uun garee tokko keessatti ramadamu. Elementootni kunis vaalaansii elektiroonii wal-qixa qabu.
5.2.3 Garee fi Tarree Gabatee Elementootaa
5.2.3.1 Garee (Group)
 Gareen elementootaa gabatee peredikii keessatti oli-gadi yommuu ta’u, bitaaa mirgaatti dalga lakkaa’ama.
 Elementootni vaalaansii elektiroonii wal-qixa qaban garee tokko keessatti ramadamu. Gareen = Lakkoofsa vaalaansii elektiroonii
 Elementootni garee tokko keessatti argaman amala keemikaalaa wal-fakkatu qabu.
 Ramaddiin gabatee elementootaa ammayyaa walumaagalatti lakkoofsa garee 18 qaba. Isaan kun murnoota lamatti (A fi B) qoodamu.
 Ramaddiin gabatee elementootaa ammayyaa lakkoofsa bifa lamaan (Roomaanii fi Arabaaa) kan mogga’u yommuu ta’u, yeroo baayyee vaalaansii elementootaa bakka buusuuf kan irratt waliigaluun fayyadamnu kan biyyootni Awurooppaa fi Amerikaa Kaabaa hamma ta’e garaagarummaa irratti qaban isa kan Roomaanii (I, II, III, …) yoo ta’eyyuu akka “IUPAC” murteessetti lakkoofsa Arabaan(1, 2, 3,
…, 18) bakka buufama
 Elementootni murna Hunde A lakkoofsa Roomaan (IA- VIII A tti) kan jiran dha.
 Elementootni Hunde B jalatti argaman IIIB – VIIIB yommuu ta’an, Garee IIA fi IIIA giddutti kan argaman dha. Elementootni kun elementoota ce’umsaa jedhemuun beekamu.

Gabatee 5.5 Murna hunde A fi Murna Cita Hunda B

Garee
akka IUPAC 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12 13 14 15 16 17 18
Akka Amerikaa
Kaabaatti IA B IIA B III B IV B V B VI B VII B VIII B VIII B VIII B II B I B III A IV A V A VI A VII A VIII A

5.2.3.2. Tarree (period)
 Tarreen ramaddii elementootaa toora dalgaa ti.
 Tarreen = lakkoofsa sheelii
 Gabateen ramaddii elementootaa ammayyaa walumaagalatti tarreewwan 7 qaba. Isaanis bakka gurguddoo saditti qoodamu
A/ Tarree Gabaabaa
o Tarree 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa of keessatti qabata.
o Tarree 1ffaa elementoota 2 , tarreen 2ffaa elementoota 8 fi tarreen 8 walumagalatti elementoota 18 qabu.
B/ Tarree Dheeraa
 Tarree 4ffaa, 5ffaa fi 6ffaa of keessatti kan qabatu ta’ee,
 Tarreen 4ffaa elementoota 18
 Tarreen 5ffaa elementoota 18
 Tarreen 6ffaa elementoota 32
 Walumagalatti elementoota 68 of keessatti qabata.
C/ Tarree Hanquu
Tarree 7ffaa ta’ee elementoota guutummaa guutuutti qo’annoon isaanii hin xumuramiin waan of-keessaa qabuuf kan hin xumuramiin dha.

5.2.4 Muraafamatoota Gabatee Ramaddii Elemeentootaa
 Gabateen ramaddii elementootaa ammayyaa muraafamoota gurguddoo (murnoota) lamatti (A fi B) qoodama.
 Murni A gabatee ramaddii elementootaa ammayyaa muraafama gurguddoo lama of keessaa qaba. Isaanis: muraafama-s fi Muraafama-p
 Murni B gabatee ramaddii elementootaa ammayyaa muraafama gurguddoo lama of keessaa qaba. Isaanis: muraafama-d fi Muraafama-f
 Mee isaan kana akka armaan gadiitti qoqqooduun haa ilaallu. A. Elementoota Murna Hundee “A” (Representative Elements) Elementoota garee IA- VIIIAtti jiran dha.
 Elementootni murna hundee “A”
 Muraafama lamatti qoodamu. Isaanis:
i. Muraafama – S (S-block elements)
ii. Muraafama – P (P- block elements)

i. Elementoota muraafama-s
Raabsi elektiroonii sheelii alaa isaanii cita sheelii –S iratti waan xumuramuuf elementoota muraafama-s jedhamu. Muraafamni-s elementoota Garee IA (Group IA) fi elementoota garee IIA (Group IIA) keessatti argaman hammata.
Elementoota Garee IA
 Sibiilota alkaalii jedhamu.
 Vaalaansii elektiroonii tokko qabu.
Elementoota Garee IIA
 Eelementootni garee II A Sibiilota alkaalinii dachii jedhamu.
 Vaalaansii elektiroonii lama qabu.
ii. Elementoota Muraatama P
 Elementootni kun raabsi elektiroonii isaanii sheelii dhumarratti argamuu cita- sheelii P irratti waan xumuramuuf muraafama P jedhaman.
 Muraafamni kun raabsa elektiroonii isaa irratti hunda’uun iddooo lamatti qoodama. Isaanis:
a. Gareewwan raabsi elektiroonii sheelii alaa isaanii hanquu (incomplete P- subshell) ta’e (ns2np1 – ns2 np5) yommuu ta’an kanneen armaan gadii hammatu.
 G- III A (13) – garee Booroonii
 G- IVA (14) – garee kaarboonii
 G- VA (15) – garee Naayitroojinii
 G- VIA (16) – garee Oksijinii (chalkojinoota)
 G- VIIA (17) – garee FilooriniiHaaloojinoota) qabata.
Garee kana keessaa mee elementoota garee VIIA (haaloo jinoota) fudhannee haa ilaallu
Elementootni garee VIIA

Elementii Raabsa Elektiroonii
9F [He ] 252 2P5
17Cl [Ne] 352 3P5
35Br [Ar]3d104524P5
53 I [Kr] 4d105525p5
85 At [Xe]4f145d106526P5

 Elementootni sheelii alarraa elektiroonii torba torba qabu.

 Astetaayinii (At) irraa kan hafe F, Cl, Br fi I amala sibilaalummaa qabu. (At- garuu warreen kan irraa karaa hundaa amala adda ta’e qaba). Kanaafuu, yeroo baayyee miseensotni garee halojinootaa beekamoon F, Cl, Br, fi I dha.
 Elementootni kun sibilaaloota daraan wal- nyaatinsa keessatti hirmaatan waan ta’eef bilisa ta’anii hin argaman.
 Molikiyuloota atom – lame dha (F2, Cl2, Br2, I2 ).
 Tempireechera dareetti falkaalee garaagaraan argamu. Fkn:-F2 fi Cl2 gaazii; Br2 dhagala’oo fi I2 jajjaboo dha.
 Halluu garaagaraa qabu.
b. Garee raabsi elektiroonii sheelii alaa isaa guutuu ta’e (complete p – subshell)
 Gaazotni lujii He (1S2) irraa kan hafe raabsi elektiroonii isaanii sheelii alaa guutuu (ns2nP6) dha.
 Elementootni gaazota lujii elementoota garee VIIIA, elementoota dhadhaboo, elementoota garee zeeroo jedhemanii beekamu. Kun maaliiif akka ta’e ibsi!
 Gaaffilee Shaakalaa 5.5

  1. Gaazotni lujii yeroo dheeraaf akka wal-nyaatinsa hin geggeessine irratti walii haa galamu malee bara 1962 keemistii biyya Kanaadaa kan ta’e Niil Baartileet kompaawundii Xe fi F irraa hojjechuuf yaalee yaaliin isaas milkaa’eeraaf. Kompaawundota (Xe fi F) kana kitaabota wabii dubbisuun dareef dhiyeessi. Akkasumasi, elementiin birooo kompaawundii kurfeessuu danda’u yoo jiraate ibsi.
  2. Elementoota gaazota lujii keessaa elementiin raadiyoo’akktivii ta’e kami?
  3. Elementootni garee VIIA haalojinoota jedhamuun beekamu. Haaloojinooota jechuun maali jechuu akka ta’e ibsi. Haaluma wal-fakkaatuun elementoota garee oksijiniitiif maqaan waliigalaa chalkoojinoota jedhu maaliiif akka kenname ibsi.
  4. Kompaawundootni elementoonni G-VllA irra caalaa kuurfeessan elementoota gare kamii waliini jettee yaadda?
  5. Elementootni G -VIIA wal-nyaatinsa keessatti maaliiif si’aawoo ta’an?
  6. Amala waliigalaa elementoota G-III A, G- IVA, G- VA fi G-VIA Kitaabilee wabii dubbisuun erga qindeessitee booda dareef dhiyeessi.

B. Elementoota Murna Al-Hundee B (Transition Elements)
Elementootni murna al-hundee B bakka saditti qoodamu. Isaanis;-
ii. Elementoota ce’umsaa hundee (muraafama- d)
iii. Elementoota Ce’umsaa booddee fi
iv. Elementoota muraafama-f ti.
I .Elementoota ce’umsaa hundee B(Main Transition Elements)
 Elementootni kun akka waliigalaatti elementoota muraafama-d jedhamuun beekamu.
 Raabsi elektiroonii waliigalaa isaanii Xd1-10ns2 dha (X-elementii lujiiti).
 Hundi isaanii sibiilotadha.
 Hundi isaanii tempireechera dareetti merkurii irraa kan hafe jajjaboodha.

II. Elementoota Ce’umsaa Booddee (Post transition elements)
 Elementootni ce’umsaa booddee muraafama-d ykn muraafama-f keessatti hin ramadaman. Sababni isaas raabsi elektiroonota isaanii sheelii alaa cita-sheelii P keessatti waan xumuramuuf. Garuu maqaan booddee jedhu kan kennameef battalumatti gara mirgaa elementoota ce’umsaa hundee fi olla isaanii waan ta’aniifidha.
 Elementootni kun lakkofsaan 6 yommuu ta’an. Isaanis: In, Sn, Tl, Pb, Bi fi Po dha.
III. Elementoota Ce’umsaa Keessoo(Inner Transition Elements)
 Elementoota Muraafama-f jedhamuun beekamu.

 Elementootni kun hundinuu sibiilota ta’anii darbanii darbanii kan dachee keessatti argaman dha.
 Raabsi elektiroonii isaanii sheelii alaa cita sheelii f irratti kan xumuramu yommuu ta’u tarree 6 fi tarree 7 keessaa bahuun gabatee elementootaa miila jalatti faraqaa laantaanayidii fi aktaanayiditti kan ramadaman dha.
 Raabsi elektiroonii waliigalaa isaanii Faraqa laantaanayidii: [Xe] 6S24f1 – 4f14
Faraqaa aktaanayidii: [Rn] 7S25f1 – 5f14 itti qabanidha.
 Tempiireechara daretti hundinuu jajjaboo dha.
 Elementootni kun irra caalaan isaanii elementoota raadiyoo aktiviitii dha.

5.3. Amaloota Waliigalaa Elementoota Gabatee Peredikii Keessattii
Kutaa darbe keessatti akka ilaaletti akkuma lakkoofsi atoomawaa dabalaa adeemeen raabsi elektiroonii elementoota jijjiiramni gabatee ramaddii keessatti akka mul’ata godha. Akkasumas amala fiizikaalaa fi keemkaalaa elementootarratti garaagarummaan akka jiraatu taasisa.
Kutaa kana keessatti ammoooo amaloota gooroo elementootni garee fi tarree keessatti qaban gadi fageenyaan ilaalla.
5.3.1 Hamma Atoomawaa fi Hamma Ayonii
5.3.1.1 Hamma atoomawaa (Atomic radius)
Amalootni fiizikaala baay’een kanneen akka rukkinaa, qabxii baqinaa, qabxii danfina fi
k.k.f hamma atoomawaa waliin walitti hidhatinsa qabu; garuu harmma atomawaaf hiikoo

sirrii kallattiin kennuun rakkisaa dha. Haata’u malee hiikkaa raadiyeesota fi atoomotaa kennuun hamma atoomawaa beekuuf tooftaa hedduutu jiru. Isaanis:
I. Raadiyeesii kovalentii (R.K)
Raadiyeesii atoomota hidhoo kovaalentiin walitti hidhaman irraa shallagna ykn tilmaamna.
II. Raadiyeesii Ayonawaa (RA)
Raadiyeesii atoomota hidhoo ayoonawaatiin walitti hidhaman irraa tilmamuunidha. Mee akka fakkeenyaatti lamaaniifuu fudhannee akka armaan gadiitti haa ilaallu Hidhoo kovalentii F – F irraa Hidhoo ayonawaa MgO irraa
F F Mg O

Raadiyesiin atoomawa (R.K) = ½ f ta’a Raadiyesiin ayonawaa (R.A) Mg = f-RKO ta’a
(RKO-Radiyesii kovalentii oksijinii)
Raadiyeesiin atoomii Mg= f raadiyeesii atoomii O (kan RK O2 irraa argame.
Kanneen armaan olitti ilaalle kun tooftaalee raadiyeesii atoomawaa argachuuf nu gargaaran raadiyeesii atoomawaa hidhoo (bonding atomic radius) jedhamuun beekamu. Tooftaan kan biraan ammooo raadiyeesii atoomawaa atoomota hidhoo urmuu hin dendeenye (kan molikiyulota atom-tokkee kan akka He, Ne Ar fi kkf.) kan gargaaru dha. Kun ammoooo walitti bu’iinsa atoomota gaazii irraa tilmaamama. Yommuu atoomotni kun deemutti jiran walitti bu’an elektiroonotni walii isaanii atoomota fallaa isaanii keessaa fulla’uuf dandeettii waan hin qabneef akkuma kubbaa wal-dhahanii walirra deebi’u. Haa ta’u malee battaluma walitti bu’aniitti fageenyi wiirtuu atoomota lamaan gidduu jiru iddooo itti gad-aanaa ta’etti gatii raadiyeesii atoomii walakkeessaa fageenya kanarraa tilmaamama.
Fkn:-
Ne Ne
Raadiyeesiin atoomii Ne  ½ f ta’a

Kunis raadiyeesii atoomawaa miti. Humna Vander waals jedhamuun beekama.
Jijjiirama Hamma Atoomawaa Garee fi Tarree Keessatti
Garee keessaa olii gadi yommuu deemnu hammi atoomawaa dabalaa deema. Kanaaf sababa kan ta’u garee keessaa olii gadi yommuu deemnu lakkoofsi sheelii dhawata dhawaatan tokko tokkoon dabalaa deema. Kunis harkisa niwukileesii fi elektiroonota niwukileesii marsanii jiran gidduu jiru akka hir’ataa deemu taasisa.
Tarree keessatti ammoooo hammi atoomawaa bitaa gara mirgaatti yeroo deemnu hira’achaa deema. Sababni kanaas tarree keessaa bitaaa gara mirgaatti yommuu deemnu sheelii haaraan otuu hin dabalamiin elektirooniin dhawataan tokko tokkoon sheelii dhuma gara alaarratti dabalamaa waan deemuuf; kun ammoooo wal-harkisa niukileesii fi elektiroonota niwukileesii marsanii jiran gidduu jiru ni cimsa. Kunis walitti butaminsi sheelii (shell contraction) akka uumamu godha jechuu dha.
Taateewwan gurguddoo hamma atoomaawaa irraan dhiibbaa geessisan:
a. Chaarjii nukulaawaa waliigalaa
b. Lakkoofsa sheelii
c. Diqaalomuu orbiitaalotaa (hydridization of atomic orbitaals)
Gabatee 5.6 Raadiyeesiin Atoomawaa (Piikoo Meetiriin) Kan Elementoota Hundee A Gabatee Ramaddii Keessatti Mul’isu.

Hammi atoomawaa hirrachaa Deema
IA IIA BA 4A 5A 6A 7A 8A

5.3.1.2. Hamma Ayonii /Ionic Radius/
 Hamma ayonii kaatayonii ykn anaayonii ti.
 Taateewwan haama ayonootarratti dhiibbaa geessisan
 Chaarjii nukulaawaa (unclear charge)
 Baay’ina elektiroonii
 Vaalansii orbiitaalotaa
Hamma ayonii poozativii (cation)
o Vaalansii elektiroonii tokko ykn tokko ol ofirraa baasuun uumamudha.
o Orbitaaalli inni gara alaa duwwaa ta’a (vaalansii elektiroonii ofirraa baasuun)
o Baay’inni lakkoofsa elektiroonii kan pirootonii niwukileesiitiin gadi ta’a (wal- dhiibbaan elektiroonota gidduu ni xiqqaata. Kanaafuu hammi ayonii poozativii kan atoomii hadhoo isaaniitiin gadi ta’a.
Fkn; – hamma atoomii sibiilota alkaalii fi ayonoota isaanii ilaali.

0
Li (1. 23  ) Li+

0
(O.68  )

0 + 0
Na (1.57  ) Na (0.98  )
0 + 0

K (2.02  ) K (1.33  )
0 + 0
Rb (2. 16  ) Rb (1.48  )
0 + 0
Cs (2.35  ) Cs (1.67  )
Hamma ayonii negativii (anion)

o Vaalaansii elektiroonii tokko ykn tokkoo oli oofitti dabalachuun uumama.
o Orbitaalli gara alaatti argamu guutuu ta’a.
o Wal-dhiibbaa elektiroonota orbitaaalli alarratti argaman gidduu jiru ni dabala (duumessi elektiroonii ni dabala)
o Lakkoofsi elektiroonii kan piirootonii niwukilaasii ni caalu. kanaafuu hammi ayonii negativii kan atoomii hadhaoo isaanii caalaa guddaa ta’a.
Hamma atoomii sibilaalota halojinootaafi ayonoota isaanii haa ilaallu.
0 – 0
F (0.65  ) F (1.33  )
0 – 0
Cl (0.99  ) Cl (1.81  )

0
Br (1.14  ) Br-

0
(1.96  )

0 – 0
I (1.33  ) I (2.19  )

Ayonii Baay’ina elektiroonii Baayina pirootonnii
O2 – 10 8
F- 10 9
Na+ 10 11
Mg2+ 10 12
Al3+ 10 13

 Ayoonotni kuni hundinuu lakkoofsa elektiroonii wal-qixa qabu (10). Raabsi elektiroonii isaanii 1S2 2S2 2P6. kanaafuu ayoonotni kun ayisoo elektiroonikii (iso electronic) jedhamu
 Chaarjiin niwukulawaa isaanii garuu adda addaa dha. Kanaafuu hammi ayonii yommuu chaarjiin niwukulawaa dabalu ni xiqqaata.
Fkn: – Hamma ayonii ayonoota armaan olii ilaali.
Z Ayonii
8 O2 – (1.45 0 )
9 F – (1.33 0 )
11 N+ (0.98 0 )
0
12 Mg 2+
(0.65  )

13 Al3+

0
(0.45  )

o Hammi ayonoota garee keessaa olii gadi yommuu dabalaa deemu tarree keessaa garuu bitaaa gara mirgaatti hirrachaa deema.

5.3.2. Annisaa Ayoneessuu (Ionization Energy)
Annisaan ayoneessuu annisaa elektiroonota atoomii gaazawaa sheelii alaa irraa baasuuf barbaachisuudha. Hammi annisaa ayoneessuu cimina elektiroonii atoomii isheetti hidhamteen safarama. Hamma annisaa ayoneessuu guddaa jechuun elektiroonii atoomiirraa baasuun cimaa (ulfaataa) ta’uu isaa agarsiisa.
Annisaan ayoneessuu elektiroonii moolii tokkoo atoomii gaazawoo moolii tokkoorraa baasuuf barbaachisu akka armaan gadiitti haa ilaallu.
M (g) + IE1 M+ (g) + e-
M+ (g) + IE2 M2+ (g) + e- (M – atoomii elementii; e- elektirooni) M2+ (g) + IE3 M3+ (g) +e-
Yommuu elektirooniin atoomii irraa bahaa deemtu hammi atoomii walitti suntuuraa deema. Kun ammoooo karaa biraatiin humna wal-harkisa elektiroonota naannawaa nukilesii jiranii fi nuukilesii gidduu jiru akka cimu gochuun annisaan ayoneessuu akka dabalaa deemu godha (IE1 < IE2 < IE3 < < IEn ).
Gabatee 5.7 Annisaa ayoneessuu 1ffaa – 4ffaa ttii (KJ/mol) elementoota muraasaaf

Elementii Annisaa ayoneessuu (KJ/mol)
IE1 IE2 IE3 IE4
H 1,312
He 2,373 5,251
Li 520 7,300 11,815
Be 899 1,757 14,850 21,005
B 801 2,430 3,660 25,000
C 1,086 2,350 4,620 6,220
N 1,400 2,860 4,580 7,500
O 1,314 3,390 5,300 7,470
F 1,680 3,370 6,050 8,400
Ne 2,080 3,950 6,120 9.370
Na 496 4,560 6,900 9,540
Mg 738 1,450 7,730 10,500
Al 577 1,820 2,750 11,600

Jijjiirama Annisaa Ayoneessuu Garee fi Tarree Gabatee Elementootaa Keessatti Garee keessatti
Annisaan ayoneessuu garee keessaa olii gadi hir’ataa deema. Kunis sababa garee keessa olii gadi hammi atoomawaa dabaluuf harkisni elektiroonii fi niwukleesii giddu jiru hir’ataa deema.
Gabatee 5.8 Jijjiirama annisaa ayoneessuu 1ffaa elementoota GIA keessatti olii gadii

Elementii IE1 (KJ) mol
Li 520
Na 496
K 419
Rb 403
Cs 376

Tarree keessatti
Annisaan ayoneessuu tarree keessaa bitaa gara mirgaatti walumaagala dabalaa deema. Kunis sababa hammi atoomawaa xiqqaataa deemuu fi chaarjii niwuklaawaa dabaluuf

elektiroonii ciminaan niwukileesiin harkifamu. Haata’u malee tarree keessatti jijjiiramni seer-malee (irregularities) ni mul’ata.
Fkn: – a) IE Be > IE B b) IE N > IE O
Sabani kanaas:
i. Raabsa Elektiroonii isaanii haa ilaallu
4Be: 1s22s22p1
Sababni IE Be > IEB ta’eef, qolata sheelii, raabsa elektiroonii sheelii alaa cimdii ta’uu fi ta’uu dhabuu, dhiibbaa fulla’insaa cita-sheelii S kan P waan caaluuf dha.
ii. . 7N : 1s2 2s2 2p3 8O: 1s2 2s22p4
Sababni IE N > IE O ta’eef, raabsi elektiroonii N walakkaan guutuu yommuu ta’u kan O
ammoooo guutuus, walakkaan guutuus miti.
Sukaa’inni raabsa elektiroonii guutuu > walakkaan guutuu > kan hin guutiin ta’a.
Gabatee 5.9 Jijjiirama annisaa ayoneessuu 1ffaa elementoota tarree 2ffaa

Elementii Li Be B C N O F Ne
IE1(KJ/mol 520 899 801 1,086 1,400 1,314 1,680 2,080

Taateewwan annisaa ayoneessuurraan dhiibbaa geessisan:
a. Hamma atoomawaa
b. Chaarjii niwukulaawaa
c. Qolata sheelii (shielding effect )
d. Dhiibbaa Fulla’insaa (penetration effect)
e. Raabsa elektiroonii sheelii alaa cimdii ta’uu fi ta’uu dhabuu

5.3.3. Jaalala Elektiroonii (Electron Affinity)
Jijjiiramni annisaa yeroo elektiroonii alaa atoomii gaazawootti ida’amtu taasifamu annisaa gadhiisaa ykn annisaa dabalaa elektiroonii jedhama. Atoomota hedduuf yommuu elekktirooniin alaa sheelii alaatti ida’amtu annisaan ni baha. Yeroo kana jijjiramni annisaa negativii ta’a. Kunis atoomonni kun jaalala elekktiroonii qabaachuu isaanii agarsiisa.
X(g) + e- X- (g) + EA
Fkn:-Yommuu atoomii gaazawaa filoorinitti ida’amtu ilaali. F(g) + e- F-(s) , EA = -328kg/mol Jijjiirama Jaalala Elektiroonii Garee fi Tarree Keessatti
Garee keessatti annisaa gadhiisii garee keessaa olii gadi hirrachaa deema.
Gabatee 5.10 jijjiirama annisaa gad-dhiisii elementoota GIA garee keessattii

Elementii EA (KJ/mol)
Li -60
Na -53
K -48
Rb -47
Cs -45

Tarree keessaatti
 Annisaa gad-dhiisii tarree keessa walumaagalatti bitaa gara mirgaatti ni dabala; haa ta’u malee jijjirramni seer-malee ni mul’ata.
Fkn:- Annisaan gad-dhiisii elektiroonii G- IA Kan G-IIA caalaa negaativii dha.

Sababni isaas:
Elementootni G-IIA sheelii alarratti elektiroonota cimdii (ns2) yommuu qabaatan suka’oo ta’u kan G-IA garuu elektiroonii sheelii alaarraa qeenxee (ns1) waan qabaniif G- II A caalatti salphatti elektiroonii alaa dhuftu ofitti harkisu.
Gabatee 5.11 Jijjiirama annisa gad-dhiisii elektiroonii elementoota tarree 2ffaa

Elementii Li Be B C N O F
EA(KJ/mol) -60 70 -27 -122 70 -141 -328

Taateewwan annisaa gad-dhiisii irratti dhiibbaa geessisa:
a. Hamma atoomawaa
b. Raabsa elektiroonii sheelii alaa
c. Qolata dheelii
d. Dhiibbaa fulla’insaa
 Gaaffilee Shaakalaa 5.10

  1. Jijjiiramuun taateewwan armaan olii geeddaramuu annis-gadhiis irratti dhiibbaan isaan garee fi tarree keessatti qaban maali akka ta’e ibsi.
  2. Gatiin annisaa gad-dhiisii ellektiroonii pozatiivii ta’e jechuun maali jechuu dha? (Annisaan akkasii kun annisaa dabalaa elektiroonii jedhama)
  3. Micireewwan atoomota armaan gadii keessaa elektiroonii alaa sheelii alaatti ida’uuf isa kamtu salphaa dha? Isa kamtu ammoooo indootermikii fi eksootermikii akka ta’e adda baasi.
    a. O (g) + e- O – (g) + EA1
    b. O- (g) +e- O2- (g) + EA2
    c. O2- (g) + e- O3- (g) + EA3
  4. Ayonoota pozativii fi ayonoota nagaatiivii keessaa isa kamtu yommuu elektirooniin sheelii alatti ida’amtu annisaa guddaa gad-dhiisa?
  5. Sanyii atoomota O fi S keessaa O- fi S- annisaa annisaa gad-dhiisuun elektiroonii ofitti fudhatan. Haa ta’u malee O2- fi S2- annisaa alaa xuuxuudhaan elektiroonii ofitti seensiisan kun maaliiif akka ta’e ibsi.
  6. Gabatee ramadii keessatti:
  7. Garee kamtu annisaa gad-dhiisii olaanaa qaba?
  8. Garee kamtu annisaa gad-dhiisii gadaanaa qaba?
  9. Elementiin hoo?

5.3.4. Humna Harkisa Elektiroonii (Electron Negativity, EN)
Humni harkisa elektiroonii dandeettii atoomiin elementii tokkoo kompaawundii ykn molikuulii keessatti elektiroonii ofitti harkisuuf qabu dha. Humna harkisa elektiroonii atoomii tokkoo qophatti kallattiidhaan safaruun hin danda’amu. Iskeeliin madaala humna harkisa elektiroonii atoomii elementootaa itti fayyadamaa jirru kan Liimiis Paawuling ti. iskeeliin isaas 0.7 – 4.0 itti hammata. Waa’ee humna harkisa elektiroonii hidhoo keemikaalaa keessatti ilaalla.
Jijjiirama Humna Harkisa Elektiroonii Garee fi Tarree Keessatti
Humni harkisa elektiroonii walumagalatti garee keessaa olii gadi yommuu hirrataa deemu, tarree keessaa bitaa gara mirgaatti ammooo dabalaa deema.
Gabatee 5.12 Humna harkisa elektiroonii L. paawuling elementoota muraasaaf

Li
10 Be B C N O
1.5 2.0 2.5 3.0 3.5 F
4.0
Na
0.9 Cl
3.0
K
0.8 Br
2.8
Rb
0.8 I
2.5
Cs
0.7

Taateewwan jijjiirama humna harkisa elektirooniirran dhiibbaa geessisa:

  1. Hamma atoomawaa
  2. Chaarjii niwukulaawaa
  3. Gosa ayonii
  4. Raabsa elektiroonii sheelii alaa fi k.k.f

5.3.5. Amala Sibiilummaa fi sibilaalummaa
5.3.5.1. Amala Sibiilummaa
 Sibiilotni elementoota elektiroopoozatiivii ta’anidha (dandeetti elektiroonii kennuu qabu jechuu dha).
 Garee keessaa olii gadi yommuu deemnu amalli sibiilummaa dabalaa deema.
 Tarree keessa ammooo bitaaa gara mirgaatti yommuu deemnu amalli sibiilummaa hir’ataa deema.
5.3.5.2 Amala Sibilaalummaa
 Sibilaalotni elementoota elektiroonagaatiivii ta’anidha (dandeetti elektiroonii ofitti fudhachuu qabu jechuu dha).
 Garee keessaa olii gadi amalli sibilaalummaa hir’ataa deema.
 Tarree keessa ammooo bitaa gara mirgaatti dabalaa deemaa.

5.4. Faayidaa Ramaddii Gabatee Elementootaa
Leenjifamtoota! Kutaawwan darban keessatti amaloota elementoota garee fi tarree keessatti jijjiirama agarsiisan ilaalleera.
As jalatti ammooo faayidaalee gurguddoo ramaddii gabatee elementootaa armaan gaditti ibsaman ilaalla
 Haala salphaan amaloota elementootaa kompaawundii isaan uuman tilmaamuuf
 Haala salphatti lakkoofsa atoomawaa elementootaa beekuuf
 Haala salphatti elementoota gar-gar baasuun qu’achuuf
 Amaloota beezii fi asiidii elementootaa raaguuf
 Elementoota gara fuuladuratti argamaniif amaloota isaanii salphatti beekuuf
 Haala salphatti amala kompaawundota beekuuf k.k.f fayyada.

GILGAALOTA BOQONNAA
I. KAN BAAYYEE WALITTI DHIYAATAN WALITTI FIROOMSI A B

  1. ns2 A/ Elementoota ce’umsaa booddee
  2. [X]ns2(n-1)d1-10 B/ Elementoota ce’umsaa hundee
  3. [Xe]6s24f1-f14 C/Elementoota maatii naytiroojinii
  4. ns2np5 D/ Faraqaa lantanaayidii
  5. [Rn]7s25f1-f14 E/ Sibiilota alkaalii dachii F/ Halojinoota
    G/ Faraqaa aktinaayidii H/ sibiilota alkaalii
    I/ Elementoota maatii booroonii
    II. GAAFFILEE ARMAAN GADIITIIF QUBEE FILANNOO BAAYYEE SIRRII TA’E FILADHU
  6. Keemistoota armaan gadii keessaa kan isa kamiitu lakkoofsa atoomawaa irratti hundaa’uun amala elementotaa ibsa?
    A/ Deborinier B/ L.Meyer C/Newland D/ Hundaa E/ H. Moseley
  7. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu hanqina gabatee Mendeleev dha? A/ Elementoota tarree fi garee itti qooduu dhabuu
    B/ Elementoota murna-murnatti qooduu dhabuu C/ Elementoota gara fuulduratti argatamaniif iddooo sirrii tilmaamee kaa’uu dhabuu
    D/ Hanga atoomawaa irratti hundaa’uu dhabuu E/ H.D.dha
  8. Hamma atomawaa baruuf safara radiyesii kamitu irra caalaatti sirrummaa qaba?
    A/ Mg B/ Ne C/ F D/Ar E/ D.S.H.K
  9. Gareewwan armaan gadii keessaa kamtu hamma atoomawaa olaanaa qaba? A/ 18 B/ 17 C/ 1 D/2 E/ 13
  10. Amaloota armaan gadii keessaa kamtu tarree keessa bitaa-mirgatti dabalaa hin deemu?
    A/ Chaarjii nukilaawa waliigalaa B/ Hamma atoomawaa
    C/ Annisaa ayoneessuu D/ Anniis-gadhiisa elektiroonii E/ D.S.H.K
  11. Murnoota armaan gadii keessaa kan tempireechera dareetti elementoota falkaalee sadan of-keessaa qabuu kami?
    A/ s B/ d C/ f D/p E/ H.D.dha
  12. Murnoota armaan gadii keessaa kan gosoota elementoota sadan (sibiila, gariin sibiila fi sibiilalla) of-keessaa qabuu kami?
    A/ s B/ d C/ f D/p E/ H.D.dha
    III. GAAFFILEE ARMAAN GADIITIIF DEEBII GABAABAA FI BAAYYEE SIRRII TA’E KENNI
  13. Jijjiiramuun annisaa ayoneessuu garee keessa olii-gadi maal akka ta’uu fi sababa kallattii kan ta’u maali akka ta’e barreessi.

BOQONNAA JAHA

  1. HIDHOO KEEMIKAALAA

SEENSA
Boqonnaa kana keessatti dandeetti atoomotni walfudhachuun kompaawundota ittiin uuman ilaalla, Atoomotni humna hidhoo keemikaalaa jedhamuu walitti hidhamuun kompaawundota uumuu danda’u, Amaloota wantoota beekuuf haala hidhoon keemikaalaa fi caasaa isaanii beekuun barbaachisaa ta’uu isaa, Akkasumas amaloota fiizilkaala fi keemikaalaa wantoota murteessuuf hidhoon keemikaalaa gahee mataa isaa qabaachuu ni baranna.
Waa’ee hidhoo keemikaalaa yommuu barannu gaaffilee kanneen akka:
i. Atoomotni maaliiif wal fudhachuun kompaawndii uumu? Ii.Molakiyulotni maaliiif caasaa adda addaa qabaatu? deebisuu dandeenya.
Hidhoo keemikaalaa jechuun maalii jechuu dha?
Kaayyoo Boqonnaa
Xumura boqonnaa kanaatti barattootni:-
Atoomotni maaliiif hidhoo keemikaalaa akka uuman ni ibsu, Akaakuu hidhoo keemikaalaa gurguddoo ni tarreessu,
Waa’ee hidhoo ayoono’aa fi amaloota isaanii ni ibsu,
Waa’ee hidhoo kovalentii, seerota yaad-hiddama Lewisii fi amaloota kompaawundii kovalentii ni ibsu,
Caasaa Lewisi ni barreessu,
Seera guutuu saddeetanii fi hanqina isaa ni ibsu,
Caasaa qaama molakiwulii TWECSA fayyadamuun ni ibsu,
Maaliummaa molikuulota baantawoo fi miti baantawoo akkasumas daayipoolmoomeenti ni ibsu,
Seerota yaad-hiddama hidhoo Vaaleensii fi yaad-hiddama hidhoo Molikulaarawaa hidhoo kovalentii ni ibsu,
Gosoota orbiitalota diqaalaa ni tarreessu,
Shallaggii lakkoofsa hidhoo raabsa elektiroonii molikuulota atoomii lame ni hojjettu.
6.1. Atoomotni Maaliiif Wal-fudhatu?

Hidhoo keemikaalaa jechuun maalii jechuu dha? Jalqaba hidhoo keemikaalaa jechuun maali akka ta’e haa ilaallu. Hidhoo keemikaalaa humna atoomota, ayoonota yookiin molkuloota yookiin makaa warren kana lamaanii fi achii olii kan walitti hidhu dha.
Atoomotni kun kan walitti hidhaman caasaa yookiin raabsa elektiroonii sukaawaa ta’e hor’achuuf. Sukaawuman maali akka ta’e karaa raabsa elektiroonii ibsuun ni danda’ama mee elementoota gaazota luujii He (1s2) irra kan fafe hundi isaanii (Ne, Ar, kr, Xe Rn ) sheelii alaa isaaniirratti elektiroonii saddeeti saddeeti qabu (ns2np6) sheelii alarratti elekktiroonii saddeeti qabaachuun seera saddeetii jedhama. Kunis raabsa elektiroonii sukaawaa jedhama.
Hiiliyeemii dhaafis sheeliin alaa isaa K dha. Sheeliin alaa kun elektiroonii guutuu waan qabuuf sukaawaa dha (1s2) kanaafuu uumamuu hidhoo keemikaalaa keessatti elektiroonotni atoomotaa raabsa elektiroonii gaazota luuji qabaachuun uummachuun sukaawoo ta’u.

6.1.1. Seera Saddeetii
Leenjifamtootaa, waa’ee seera saddeetii yommuu kaasnu battalumatti waa’een hidhoon keemikaalaa maaliif uumamaan sammuu keessanitti dhufuunsaa hin oolu. Haa ta’u malee kallattiin hidhoon keemikaalaa kan uumamuuf seera saddeetii guutuuf miti! Sukaa’aa ta’uuf malee. Akkuma yaada marii armaan olitti gaggeessitaniin waa’ee raabsa elektiroonii gaasota luujii ilaaltanii seera kana waliin walitti qabasiisuun keessan baayyee sirriidha. Kunis elementootni hidhoo keemikaalaa uumuuf caasaan (raabsi) elektiroonii isaanii elementii lujii olla isaanii jiru waliin wal-fakkaachuu ykn tokko ta’uu (ayisoelektiroonikii) jechuudha. kana jechuunis, sukaawoo ta’uuf karaa mijeeffachuu jechuudha. waa’een seera saddeetiis yaad-rimeen isaa kana yommoo ta’u, yaad- hiddamoota hidhoo keessatti ballinaan ilaalla.
6.1.2. Seera Annis-xiqqaa (The Lowest Energy Rule)
Adeemsa uumamu hidhoo keemikaalaa keessatti Annisaa Hidhoo Xiqqeessuu (The Lowest Energy Bonds)nisaan atoomota wal-nyachuun hidhoo keemikaalaa uumanii annisaan duraan qabaniirraa (annisaa bilisaa) isaanii xiqqeessuun hidhoo uumu. Kana jechuun annisaan wanta uumamuu annisaa atoomota jalqabaarraa gad ta’a jechuu dha.
Atoomii (A) + Atoomii (B) Molakiyulii + E

Gama biroootiin annisaa sirna wanta tokko xiqqeessuu jechuun sukaawummaa wantichaa dabaluu jechuu dha. Gaazotni luujii raabsa elektiroonii sukaawaa akkuma qaban, atoomotni elementoota kanneen birooosi raabsa elektiroonii sukaawaa ta’e qabaachuu barbaadu, kanas kan qabaachuu damda’an elektiroonii waliif kennuu yookiin fudhachuu yookiin vaalansii elektiroonii isaanii waliin hirachuun dha
Kutaa itti aanu keessatti gogota hidhoo keemikaalaa gad- fageenyaan ilaalla.
6.2. Gosoota Hidhoo Keemikaalaa
Gosootni hidhoo keemikaalaa guruddoon:

  1. Hidhoo sibiilaa
  2. Hidhoo ayoona’aa yoo kiin hidhoo elektiroo vaaleentii fi
  3. Hidhoo kovalentii ti.
    6.2.1 Hidhoo Sibiila keessatti (Bonding in Metals)
    Gaaffii: Hidhoon sibiilota attamitti uumama?
    Hidhoon sibiilota sibiilota jajjaboo kanneen akka Cu, Fe fi Al keessatti ni argama. Sibiilota kana keessatti tokkoon tokkoon atoomii sibiila tokkoo atomota sibiilachaa hedduun walittii hidhamuun argama. Hidhoon sibiilaa kun kan uuma tamsa’ina (faca’ina) elekktiroonii yookiin elektiroonota guutummaa ayoonii sibiilotaa keessaa deemuun akka uumamutti akeekama.
    6.2.2. Moodelii Galaana Elektiroonii Hidhoo Sibiilawaa
    Moodelotni uumama hidhoo sibiilotaa ibsuuf gargaaran moodelii galaana elektiroonii fi yaad-hiddama (moodelii) baandii ti.
    Uumanni hidhoo sibiilotaa jireenya galaana elektiroonii gidduu ayoonii poozativii sirraawaa sibiilota irratti galaanni elektiroonii kun ayoonii poozativii sibiilotaa sirna qabeessa ta’een walitti hidha Kunis moodelii galaana elektiroonii jedhama. Maddi galaana elektiroonii kana elektiroonota sheelii vaalansii sibiilotaa irra jiran irratti. Niwukileesiin atoomota sibiilotaa vaalansii elektiroonota sibiilota kanaatiin marsaman argamu. Fakkii moodelii galaana elekktiroonii sibiilota agarsiisu armaan gadii ilaali.
    Oe-Oe-Oe-Oe-Oe-
    Oe-Oe-Oe-Oe-Oe-
    Oe-Oe-Oe-Oe-Oe-

Moodelii galaana elektiroonii keessatti vaalansii elektiroonii human harkisa elekktiroostaatiktiin kaatayooni wajjin wal harkisu. Elektiroonotni kunis walabaan sibiilota gidduu socho’uun argamu.
Danndeettiin ho’a of keessa darbarsuu sibiilotaas elektiroonota hidhoo sibiilota gidduu socho’an kan irratti hunda’a. Akkasumas dandeettiin sibiilota yommuu ho’ifaman amala damma camumnumnaa (malleability) fi batteeffamuu (ductility) kan murteessu dha. Kunis kan uumaman otuu hidhoon sibiilotaa keessa hin cabiin ayoonotni sibiilotaa iddooo sanaa duraan dhiisanii socho’uun kan caasaan sibiilichaa jijjiiramuun uumaman dha. Innis hidhoo sibiilota duraan jeequun hidhoo sibiilota haaraa uumuu jechuu dha.
Oe-Oe-Oe-Oe-Oe- Oe-Oe-Oe-Oe-Oe-
Oe-Oe-Oe-Oe-Oe- Oe-Oe-Oe-Oe-Oe-
Oe-Oe-Oe-Oe-Oe- Oe-Oe-Oe-Oe-
Fakkii 6.1. Uumamuu hidhoo sibiilawaa
Moodelii orbitaala molakiyularaa ykn Yaad-hiddama Bandii; – Sibiilotni dabarsoo elektirikii gaariidha.Elektirikii dabarsuuf ammoo elekktirooniin bakka tokkoo gara bakka biroootti socho’u qabdi. (Sochiin)deemsi elektiroonii bakka tokkoo gara bakka biirootti kan mul’isu sibiilotni koochoo (lobe ) adda ta’e dabarsummaa irratti qooda fudhatu qabaachuu isaanii ti Atoomiin sibiilootaa dandeetti orbiitaala gara alaa wajjin qoodachuu danda’an qabu. Dandeettiin waliin qoodachuu kuniis atoomii sibiilotaa tokko yookiin lama qoofa giddutti kan akka SO2, CO2, CH4 fi kkf kan murtaa’u osoo hin ta’iin hanga atoomota sibiilaa miliiyoonotatti tilmaaman giddutti dha. Yommuu koochoon lama wal- simatan gulantaa annisaa lamatu uumame. Isaanis gulantaa annisaa hidhoo fi al-hidhoo dha.
Sibiilota keessatti koochoon hedduun waan wal-simataniif gulantaa annisaa heddutu uumamu Gulantaaleen kunis baay’ee walitti siqeenya waan qabaniif baandii annisaa uumu.
Wal-simannan koochoo S heddu yommuu ta’u koochoon P fi d niis waal-simachuun baandii uumuu ni danda’u.
Baandii annisaa gad-aanaa elektiroonota koochoo keessa jiraniin guutamee jiru dha. Baandiin biroo ammoo elektiroonii kan hin qabnee gulantaa annisaa guddaarra kan jiru dha.

Baandiin kun bandii dabarsoo jedhama. (conduction band) jedhama. Gidduu lamaan gulantaa annisaa (baay’ee gad aanaa fi baay’ee guddaa) kan argamu ammoo baandii sibiilotaa kanneen wal-simannaa koochoo alaan ijaaraman elektiroonota vaalansii atoomii sibilichaa qabu dha Baandiin kunis baandii vaalansii (valance band) jedhama.
Amaloota Sibiilotaa
6.2.3 Hidhoo Ayoona’aa (Ionic Bonding)
Hidhoon ayoona’aa humna harkisa elektiroostaatikii ayoonota chaarjii waliin faalaa qabanii jiddutti taasifamu dha.
Hidhoon kun kan uumamu guutumman elektiroonii tokko yookiin achii olii sheelii alaa atoomii sibiilaa irraa gara sheelii alaa atoomii sibilalatti dabarsuun. As keessatti atomiin sibiilaa elektiroonii kenne ayoonii poozativii (cation) yeroo ta’u, atoomiin sibiilalaa elektiroonii kennaman fudhatu ammoo ayoonnii negatiivii /anion) ta’a.
Hidhoon ayoona’aa hidhoo elektiroovaaleentii jedhamu. Kompaawundotni hidhoo ayoona’aan walitti hidhaman kompaawundota ayoonikii jedhamu.
Mee fakkeenya fudhanee haa ilaalu:
Hidhoon ayoona’aa Na fi Cl giddutti kan uumamu elektiroonii tokko sheelii alaa atoomii Na irraa gara sheelii alaa atoomii Cl itti dabarsuun dha.
Na11 (1s2 2s22P6 3s1) Annisaa ayooneessuu (iE) Na + (1s22s22p6) +e-
Na + raabsa elektiroonii gaazii luujii (Ne wajjin wal-fakkaata qabata , e- tokko kennuun) Cl17 (1s22s22p63s5)+eEA EA Cl+(1s22s22p63s23p6)+e-
Cl- raabsa elektiroonii gaazii luujii Ar wajjiin wal fakkaatu qabata,e- tokko fudhachuun.
Na+ (2,8) + Cl- (2,8,8 ) Na+ Cl- NaCl

6.2.3.1. Qabattoota Uumamuu Hidhoo Ayoona’aa irratti Dhiibbaa Geessisan
uumamni hidhoo ayoona’aa jiraachuu ayoonota chaarjii poozatiivii fi negaatiivii irratti hunda’a. Haalotni mijaa’uun uumama chaarjii poozatiiviif gargaaran maali fa’i?

Chaarjiin poozatiivii kan uumamu elektiroonii sheelii alaa atoomota sibiilota irraa annisaa gargaaramuun baasuu (buqisuun) dha. Annisaan kun annisaa ayooneessuu jedhama. Atoomiin tokko annisaa ayooneessuu gad-aanaatiin elektiroonii isaa yoo gad lakkise uumamni ayoonii poozatiivii salphaa ta’a. jechuu dha

Elektiroonii sheelii alaa atoomiitti dabaluuf annisaan gad-lakkifamuu qaba. Annisaan yoo
elektirooniin sheelii alaa atoomiitti ida’amu gadi dhiifamu annisaa gad-dhiisii yookiin jaalala elektiroonii jedhama. Atoomiin annisaa gad-dhiisii guddaa qabu jaalala elektiroonii guddaa qaba jechuudha. Kanaafuu salphatti elekatiroonii sheelii alaa isaarratti ida’achuu ayoonii chaarjii negaatiivii uumama.
Sibiilalotni kanneen akka O, F, Cl jaalala elektiroonii guddaa waan qabaniif ayoonii chaarjii negaatiivii umuu.
Gabatee raabsa elementootaa ilaaluun:
Gabatee raabsa elementootaa keessatti sibiilotni alkaalii (sibiilota garee IA) fi sibiilotni alkaalii dachee (sibiilota garee IIA) elektiroonii kennuun ayoonii poozativii uumuuf dandeettii olaanaa qabu. Isaan kunis elementoota kan akka Na, K, Cs Sr, Ba fi k.k.f dha. Sibiilaltni kanneen akka O , F fi Cl elekktirooniif jaalala olaana qabu.
Elementoota hidhoo ayoona’aa uuman lama yoo barbaadan, elementoota garee kanaa lamaan keessaa tasuma tokko tokko filachuun walitti makuu dha.
Fkn Na+ Cl- , Ca+2 O-2 , Cs+ F- fi k.k.f
Gaaffii;-
Hidhoo ayoona’aa uumuuf ayoonota raabsa elektiroonii gaazota luujii qaban horuun qofti ulaagaa gahaa dha?
Kana sirrii dha yookiin miti jettee deebisuuf yaadota armaan gadii sirritti hubachuun barbaachisadha.

Mee uumamuu NaCl, soodiyemii fi kilooriiniirraa haa ilaallu. Soodiyemiin yommuu ayoonii poozatiivii uumu (Na+) raabsa elektiroonii gaazii luujii (Ne) qabata.
Annisaan elektiroonii moolii tokko sheelii alaa soodiymiimaa baasuuf barbaachisu
(annisaan ayooneessuu) 513 kJ mol dha.
Na[ 1s22s22p63s1] +513 kJ/mol Na+ [1s22s22p6] + 1e-
Yommuu atoomiin Cl ayoonii Cl uumu elektiroonii soodiyeemiirraa bahate fudhachuun raabsa elektiroonii gaazii luujii (Ar) qabate. Annisaan yeroo elektirooniin tokko sheelii alaa kilooriinitti ida’amtu gadi dhiifamu (jaalalli elektiroonii) 364 kJ/mol dha.
Cl [ 1s2 2s2 2p6 3s2 3p5) + 1e- -364 kkJ/mol Cl- [ 1s22s2 2p63s23p6]
Ademmsa kana lamaan yoo waliin fudhanu, annisaan 513 kJ/mol elektiroonii Na irraa baasuuf fudhatame (xuuxamu) annisaan 364 kJ/mol ammoo yommuu elektiroonii Cl itti ida’amtu gad- dhiifame, walii gala adeemsa kana keessatti annisaa 149 KJ/mol ofitti fudhachuu isaanii agarsiisa. Kanaafuu deebiin isaa maali ta’a ?
Adeemmsa walnyaatinsa kanaaf karaa anniisa xiqqeessuu yoo ilaalle adeemsa mijaa’aa miti (unfavorable) sabaabni isaas adeemsa kanaaf annisaan ni dabalame waan ta’eef.
Kanaafuu, raabsa elektiroonii gaazii luujii qabaachuun ayoonota uumamanii walnyaatinsa keemikaalaa geggeessuuf ulaagaa gahaa miti.
Gaaffii; – Kanaafuu, uumamuu hidhoo ayoona’aa fi sababni maaliiree? Kompaawundota ayoona’aa keessatti, humni wal harkisaa elekktiroostaatikii cimaatuu ayoonii poozatirii (cation) fi ayoonii negaatiivii(anion) gidduu jira. Ayoonotni kun lamaan (cation and anion) baay’inaanii fi lakkoofsaan wali madaaluun yoo walitti dhufan of sirreessuun caasaa cima ta’e ijaaru. Ofiin ofi sirreessuun caasaa cimaa ta’e yeroo ijaranitti annisaa of keessaa baasuun sukaawoo (stable) ta’u.
Annisaa Laattisii fi Marsaa Boorn Haaber
Hiika Annisaan laattisii (U) jijjiirama annisaa yeroo kompaawundootni ayoona’aa mooliin tokko ruqoolee isaarraa uumamu mula’tu dha.
Annisaan laattisii (U) kallattiin hin safaramu. Haata’u malee gatiin yaalii marsaa Boorn Haaber kuusaa termoodaayinaamiksiirraa ni argama.
Fkn:-Mee Uumama Kompaawundii ayoona’aa NaCl haa ilaalu.
Na(s) + ½ Cl2(g) NaCl(s) ∆Hfo (NaCl (s ) = -411KJ/mol (∆Hfo – Jijjiirama anniis-ho’a uumaminsaa)
Jijjiiramni Na fi Cl gara NaCl itti godhan tartiiba hedduu qaba. Tortiibooleen (steps) kun Marsaa Boorn Haaber jedhama.

  1. Na (s) Na(g)
    jajjaboo kallattiin gara gaaziitti gedderoon sabilimeessuu jedhamu . S (amnisaa sabilin eessuu) = 108KJ/mol
  2. 1/2 Cl2 (g) Cl(g)
    Moolii 1/2 F2 (g) adaa baasuuf annisaa diiguu (1/2D) barbbaachisa. 1/2D = 122 KJ/mol
  3. Na(g) Na+(g)
    annisaan ayooneessuu (IE) = 496 kJ/mol
  4. Cl(g) + e- Cl- (g)
    Atoomii gaazawoo moolii tokkotti elektiroonii moolii tokko yemmu ida’amtu annisaan gad- dhiifamu (EA) = – 349 kJ/mool
  5. Na+ (g) + Cl-(g) NaCl(s)
    Na + (g) moolii tokkoo fi Cl- (g) moolii tokko walitti fiduun jajjaboo NaCl uumamu, annisaan laatisii (U) meeqa ta’a ?
    Annisaan Uumama NaCl (s)
    Hof (NaCl (s)) = S+1/2D + IE + EA +U
    -U = Hof + s + 1/2D + IE +EA
    -U= (-(-411) + 108 + 122 + 496+ (-349) kJ/mol
    -U= (411 + 108 +122 + 496 – 349 ) KJ/mol
    -U = (1137 – 349 ) KJ/mol
    -U = 788 kJ/mol U = -788 kJ/mol
    Kanaafuu, annisaan laattisii (U) = -788KJ/mol ta’a. Na (s) + 1/2Cl2(g) ∆H o NaCl (s)

Fakkii 6.2 Marsaa Boorn Haaber
S 1/2D U uumamuu NaCl agarsiisu. Na(g) Cl(g) EA Cl-(g)
+
IE Na+( g)

Hammi annisaa laattisii kompaawundii ayoona’aa hortoota gurguddoo armaan gadiirratti
hundaa’a. Isaanis baay’ina chaarjii ayoonotaa hammaa ayoonotaa, caaseffame ayoonotaa jajjaboo keessaa. Annisaan kuufamaa ayoonootaa wal harkisaan lamaan gidduu akka armaan gaditti ibsama.
 Q1Q2    KQ1Q2 ; Q1 fi Q2 = Chaarjii sudootaa lamaan irraa,
r r
r = fageenya nukileesii sudoota lamaan gidduu jiruu, K = dhabgiteessa = 8.99 x 109 J m/c2
Humni wal harkisa ayoonota lamaan gidduu jiru chaarjiin yoo dabalu ni dabala.Yoo fageenyi r- dabalu ammoo ni xiqqaata.
Kompaawundii Annisaa laattisii (U) kJ/mool dhaan
Li F 1017
Li Cl 828

Li I 732
Na F 910
Na Cl 788
Na Br 732
Na I 682
KF 808
K Cl 701
KBr 671
Ca Cl2 657
Ca I2 600
Mg Cl2 2527
Mg O 3890
Al2O3 15300.1 kJ/mol

6.2.4 Hidhoo Kovalentii
Gaaffii: Hidhoon koovaalentii maalii?
Hiika; – Hidhoon kovalentii humna karaa elektiroonii waliin hirmaachuu atoomotaan uumamu dha.
6.2.4.1 Uumama Hidhoo Kovalentii
Hidhoon ayoona’aa kan uumamu atoomota humna harkisa elektiroonii (elektiroo nagatiiviitii) garaagaraa guddaa qaban giddutti (sibiilotaa fi siibiilota giddutti) dha. Kanaafuu hidhoon atoomota sibiilalaa lamaan armaan olii giddutti argamu hidhoo ayoona’oo miti. Kutaa kana keessatti hidhoo atoomota garaagarummaa human harkisa elektiroonii xiqqaa qaban (sibiiblotaa fi sibiilaloota ) giddutti uumamu ilaalla. Hidhoon kun hidhoo kovalentii jedhama.
Hidhoon kovalentii hidhoo elektiroonii cimdii tokko yookiin achii olii waliin hiraachuu atoomootaatiin kan uumamu dha.
6.2.4.2. Amaloota Hidhoo Kovalentii

6.3. Yaad-Hiddamoota Hidhoo Kovalentii
Atoomotni sibiilalaa wal fakkaatan lama kan akka H2, N2, F2, Cl2, O2 fi I2 hidhoo ayoona’aan walitti hidhaman jetta?
Hidhoon ayoona’aa kan uumamu atoomota humna harkisa elektiroonii (elektiroo nagatiiviitii) garaagaraa guddaa qaban giddutti (sibiilotaa fi siibiilota giddutti) dha. Kanaafuu, hidhoon atoomota sibiilaalaa lamaan armaan olii giddutti argamu hidhoo ayoona’oo miti. Kutaa kana keessatti hidhoo atoomota garaagarummaa human harkisa elektiroonii xiqqaa qaban (sibilaalotaa fi sibiilaaloota ) giddutti uumamu ilaalla. Hidhoon kun hidhoo kovalentii jedhama.
Hidhoon koovaalentii maalii? Hidhoon kovalentii hidhoo elektiroonii cimdii tokko yookiin achii olii waliin hiraachuu atoomotaatiin kan uumamu dha.
Mee H fi Cl giddutti Uumamuu HCl Haa ilaalu.
Raabsi elektiroonii H (1s1) fi raabsi elektiroonota Cl (1s22s22p63s23p5) dha. Haayidroojiniin elektiroonii tokko yoo fudhate raabsa elektiroonii gaazii luujii (He) qabata. Cl ammoo yoo elekktiroonii toorba kenne yookiin yoo elektiroonii tokko fudhate raabsa gaazii luujii qabata. Kilooriiniif garuu elektiroonii toorba kennuun rakkisa dha.
Kanaaf H fi Cl yeroo hidhoo Uuman attamitti raabsa elektiroonii gaazii luujii qabatu ? Lewis kompaawundotnii moplakulaaraa ayoona’aa hin taane kenneen akka
F2, H2, HCl, O2, N2, HI fi k.k.f kan uumaman atoomota lamaan giddutti elektiroonii vaalaansii isaanii walitti fiduun waliin hirachuu dhaan akka ta’e yaada dhiyeesseera. Tokkoon tokkoo atoomotaa elektiroonii waliin hirmaachuun raabsa elektiroonii gaazii luujii qabatu.

Hiika;- hidhoon kovalentii humna karaa elektiroonii waliin hirmaachuu atoomootaan kan uumamu dha.
6.3.1 Yaad-hiddama Hidhoo Kovalentii Lewis
Gilbert Lewis lammi biyya Amerikaa kan ta’e bara 1916 Uumama hidhoo kovalentiirratti yaada kan kennee fi hidhoon kun molakiyulii uumuuf barbaachisaa akka ta’e ibseera.
6.3.2. Seera Yaad-Hiddama Lewis fi Seera Saddeetii
Akka yaada Lewisitti atoomotni walitti dhufan amma raabsa elektiroonii gaazii luujii qabatanitti elektiroonii waliin hirmaatu Uumamni hidhoo keemikaalaa atoomotni raabsa elektiroonii gaazii luujii (He- irraa kan hafe) akka qabatan taasisuun seera saddeetani (octet rule) jedhama.
Seerri hidhoo ayoona’aa fi hidhoo kovalentiifis ni tajaajila
Fkn: F2 fi H2O keessatti F fi O elekktiroonii hirmaachuun raabsa elektiroonii gaazii luujii qabatu.

8e- 8e- 2e- 8e- 2e-
Uumamni molakiyuulota kanaa seera saddeetii Lewisiin ibsame addeessuuf gargaaru. Elektiroonota cimdii molakuulii tokko keessa jiraniif caasaa Lewis barreessuun elekktiroonota cimdii bakka lamatti gooduun barbaachisa dha. Isaanis elektiroonota cimdii hidhoo uumanii fi hidhoo hin uumne dha.
Qoodama elekktiroonota cimdii kanaaf naamichi Liiver jedhamu yaada faayidaa qabu kenneera. Innis molakuulii tokko keessatti atoomotni “ seera gaazii luujii akka guutan “ yoo ta’e elektiroonii vaalaansii cimdii akka armaan gaditti ibseera.

V= Walkkaa ida’ama vaalaansii elektiroonii molakuulii keessaa
n = lakkoofsa hidhoo siga 9 hidhoo qeenxee)
n = lakkoofsa hidhoo hedduu (hidhoo dacha ykn sadee )
n = lakkoofsa elektiroonii cimdii hidhoo hin uumne2 fi Gama birootiin

h = lakkoofsa atoomii H molakuulii keessaa
q = lakkoofsa atoomii molakuulii keessaa otuu atomii H hin dabalatiin

Mee adeemsota armaan olii kana fakkeenyota fudhachuun haa ilaalu

  1. Molakuulota HCN, H2 O, CO2 fi C2H4 caasaa Lewis barreessi. (Hub; – molakuulota ABC keessatti atoomiin human herkisa e- xiqqaa qabu yeroo hedduu atoomii gidduu ta’a kun H- hin ilaalu).
    Furmaata a/ caasaa Lewis HCN barreessuuf h = 1
    q = 2
    V  (11)  (1 4)  (1 5)  10  5
    2 2
    n  = h+ (q –1) = 1+ (2-1) = 2 n  = 3 – v +1 = ( 3×2) –5+1
    = 6-5 +1 = 2
    Kanaafuu lakkoofsi elektiroonii hidhoo hin uumne n  = V- ( n  + n  ) = 5- (2+2) = 1
    kanaafuu caasaan HCN H – C = N: ta’a
    b/ Caasaa Lewis H2O barreessuuf h = 2 , q = 1
    V  2 1 6 1  2  6  4
    2 2
    n  = h + ( q-1) = 2+ (1-1) = 2
    n  = 3 q–v+1 = (3×1) – 4+1 = O
    n  = V- (n  + n  )
    = 4- (2-O) = 4-2 = 2
    Kanaafuu caasaan H2O Lewis
    Elektiroonii cimdii mit-hidhoo (hidhoo hin Uumne)
    O
    H

6.3.3. Dhawaata Caasaa Lewis ittiin Barreeffamu
Lewis caaseeffama elektiroonii molikuulota koovaalentii keessatti xuqaadhaan yookiin sararaan ibsa. Innis caasaa Lewis jedhama. Kutaa kana jallatti tartiiba caasaan Lewis ittiin barreeffamu ilaala.
Seera 1. Elektiroonii Vaalansii atoomota molakiyulii keessaa hunda
lakka’uun ida’uu yoo micireen ta’e amma baay’inni chaarjii nagaatiivii kana vaalansii elektiroonutaatti ida’I yoo micineen ayoonii chaarjii poozatiivii qabu ta’e ammoo amma baa’ina chaarjii poozatiivii ida’ama vaalansii elektirooniirra hir’isi.
Seera 2 ;- Elektiroonota cimdii tokko tokko atoomota hidhoo Uuman gidduu bifa xuqaan yookiin sararaan ka’uun hidhoo uumuu.
Seera 3 – Elektiroonota hafaniin atoomotni atoomii gidduu marsan seera saddeetii akka guutatan gochuu.
(sheeliin alaa atoomii H elektiroonii lama qofaan akka guutu yaadadhu ) Elektiroonota hafan cimdii cimdiin atoomii giddurra naqi
Seera 4. Seera 1 – 3 erga xumurtee booda atoomiin gidduu seera saddeetii yoo kan hin gunne ta’e hidhoo cimdii yookiin hidhoo sadee atoomota marsanii jiran giddutti akka uumaman gochuun atoomiin gidduu jiru seera saddeetii akka gutatu gochuu dha.
Seerota kana fakkeenya fudhachuun hojjennee haa ilaalu.
Fkn
1, Caasaa Lewisi molakiyulii CCl4 barreessuuf
Seera 1. Vaalansii elektiroonii isaanii walitti ida’uu.

  • Raabsi vaalensii elektiroonii C 2s22p4 fi raabsi vaalansii
    elektiroonii Cl – 3s23p5 dha.
    Kanaafuu ida’amni vaalansii elektiroonni Cl4 keessaa 4 + ( 4×7) = 4+28 = 3 ze- ta’a.
    Seera 2 Elektiroonii cimdii tokko tokko bifa tuqaan ykn seeroreen atoomota giddutti akka hidhoo uuman gochuu.

Cl

Cl C Cl Cl

As keessatti 8e- fayyadamnee 24e- hafaniiru.

Seera 3 Atoomotni atoomii gidduu marsan (atoomiin Cl- arfan) akka seera saddeetii guuttatan gochuu
Amma elektiroonii jiran hundaa itti faayadamneera

Cl

Cl C Cl Cl
Caasaan Lewis molakiyulii CC14 kan seera 3ffaa irratti ka’ame ta’a.

6.3.4. Hidhoo Qeenxe, Hidhoo dachaa fi Hidhoo sadee
Hidhoon Koovaallentii elekktiroonii cimdii tokko waliin qoodachuun atoomota giddutti uumamu hidhoo qeenxee jedhama. Innis sarara tokkoon yookiin xuqaa lamaan agarsiifama. H
Fkn: H2, Cl2, fi CH4 giddutti hidhoo qeenxeetu uumama. H – H, Cl – Cl H – C – H
H
Hidhoon koovaalentii elekktiroonota cimdii lama waliin qoodachuu atoomota giddutti uumamu hidhoo dacha jedhama innis sarara lamaan ibsama.
Fkf: – Molakiyulii Oksijinii (O2): O = O

Hidhoon koovaallentii elektiroonota cimdii sadii waliin qoodachuun atoomota giddutti Uumamu hidhoo sadee (triple bond) jedhama Hihoo dacha fi hidhoo sadeen hidhoo hedduu (multiple bonds) jedhamuun beekamu.
Fkf;- Molakiyulii Naayiitroojinii (N2): N  N hidhoo sadee
Itaayinii (C2H2) H – C  C-H
Fageenyi niwukileesii atoomota molakyulii gidduu jiru dheerina hidhoo jedhama. Dheerina hidhoio qeexee ni caala Dheerinni hidhoo sadees hidhoo dachaatiin gad dha. Akkuma dheerinni hidhoo xiqqaateen cimmi hidhoo dabalaa adeema . kanaafuu, hidhoon sadee hidhoo dacha caalaa cima dha. Hidhoon dacha ammoo hidhoo qeenxee caalaa cimadha.
Fkn:- C –C, H3C- CH3 keessatti dheerinni hidhoo isaa 154pm C = C, H2C = CH2 keessatti dheerinni hidhoo isaa 134 pm
C  C, H-C  C-H keessatti dheerinni hidhoo isa 121 pm dha.

6.3.5. Hanqina seera Saddeetii Lewis
Molakuulotni atoomoota elementoota hundeerraa ijaaraman baay’een caasaa elektiroonii seera saddeetii guutan qabu. Garuu kanneen lakkoofsaan xiqqaa ta’an ammoo caasaa elektiroonii seera saddeetii hin guutan kanneen seera hanquu saddeetii hin guunne kun iddooo saditti qoodamu Isaanis;- Lakkoofsa elektiroonii hanquu (saddeetii gadi qaban)molakiyulota atoomii gidduurra tti elekktiroonii 8 oli qabanii fi qeenxee qaban dha
A. Molakuuloota Atoomii giddugaleessa irratti Eelektiroonii saddeetii gad qaban Molakiyuulotni atoomii gidduurratti elektiroonii saddeetii gad qabaachun seera saddeetii hin kun yeroo hedduu atoomota B fi Be keessatti mul’atu.
Fkf: – Caasaan Lewis BF3 tiif
F
B F
F

As keessatti atoomiin gidduu jiru Boorooniin (B) seera saddeetii hin guuttanne (elektiroonii 6 qofa waan qabuuf) kunis BF3tiif caasaa sukaawoo dha jedhama (Filannoo biroo kana caalu waan hin qabneef).
Hub; – BF3-n molikuulota atoomii giddurratti elektiroota cimdii hidhoo hin uumne qaban wajjin ariitiin hidhoo uumuu ni danda’a.

B. Molakuuloota Atoomii Giddurratti Elektiroonii saddeetii oli qaban
Molakuuloota Atoomii Giddurratti Elektiroonii saddeetii oli Qaban seerri hanquu- saddeetii akkasii kun elementoota tarree sadeeffaa (n = 3 ) keessatti mul’atu
Fkn: PCl5 caasaa Lewis isaa
Cl
Cl – C – Cl
Cl
Askeessatti yoo n = 3 ta’e orbiitaliin gatii e = 2 qabata. Kanaafuu diyaagiraamiin orbiitalii vaalansii sheelii P:

3s 3p 3d
Elementootni tarree 3ffaa seera saddeettamii olitti orbiitalii –d qulla’aa jiru fayyadamuun elektiroonii dabalatanii qabachuu danda’u
Gaaffii Caasaa Lewis ICl4 barreessi
C. Molakuulota Atoomii Gidduurratti Lakkoofsa Elektiroonii Qaraa Qaban Molakuulotni lakkoofsaan xiqqoo ta’an lakkoofsa elektiroonii qaraa (odd) atoomii gidduurraa qabu. Kunis kenneen akka NO fi NO2 keessatti ni argama.
Fkn:- NO tiif Ida’mni vaalansii elektiroonii isaanii 5+6 = 11e-
• N = O  Caasaa kana keessatti elektiroonii qeenxeen atoomii naytiroojinii irratti agarsiifamte cimdii ta’uu waan hin dandeenyeef atoomii kanarratti lakkoofsi elektiroonota waliigala 7 ta’a.

6.3.5.4 Molakuulota Qaam-makoo (Resonance Structure)
Molakuulotni yookiin raadikalootni tokko tokkoof caasaan Lewis yeroo barreeffamu qaama dhaabataa hin qabaatan, kanaafuu qaama makoo lamaafi achii olii qabaachuu ni danda’u.
Fkf. 1 Caasaa Lewis ozoonii (O3) yoo barreeffamu

O
O O

As hidhoon dacha iddooo isaa jijjiiratee argamuu ni danda’a (atoomotni sadanuu waan wal-fakkaataniif kanaafuu, Caasaa Lewisii O3
O O
O O

Caasaan qaam-makoo molikuulota yaad-hiddama wal-dhiibbinsa elektiroonota cimdii sheelii alaa (WECSA) tiin caalaatti deeggaramee ibsama. waa’ee yaad-hiddama kanaa ammoo kutaa itti aanutti ilaalla.

6.4. Yaad-Hiddama Wal-Dhiibbinsa Elektironii Cimdii Sheelii Alaa (Yaad-hiddama WECSA; VSEPR Theory)
Yaad-hiddaman kun kan ibsu elektiroonotni naannoo atoomii isa giddu galeessa jirutti lama lamaan yammuu raabsaman haala wal-dhiibban jiru gidduu xiqaatuun mijeefatu kan jedhu dha yaada TWECSA

  1. Elektiroonotni cimdii wal-dhibbeen isaan gidduu jiru bifa xiqqaa ta’een sirreeffamu
  2. Elektiroonotni hidhoo hin uumne kan warra hidhoo uuman caalaa iddooo ba’aa qabatu. 3, Humni wal-dhiibbaa elektiroonota gidduu jiru yoo kofti hidhoo guddatu ni xiqqaata.
     Waligalatti dhiibbaan uumamu:

Gabatee 6.2 Yaada TWECSA n caasaa molikuulaawaa agarsiisu

Elektiroonii cimdii Haala Teessuma Electiroonii
cimdii Fkn
Dirm shaasha Kan hidhoo
uuman Kan hidhoo hin uumne
2 2 0 Solooloo CO2
BeF2
3 3 0 Rog-sadee BF3
3 2 1 Rog-sadee
pilaanorii SO2
4 4 0 Rog-arfee CH4
4 3 1 Rog-arfee NH3
4 2 2 Rof-arfee H2O
5 5 0 Rog sadee bay
piiraamiidhawaa PCl5
5 4 1 “

PCl4-
5 3 2 “ BrF3
5 2 3 “ I3-
6 6 0 Rog-Jahee SF6

6.4.1 Caasaa Molakuulawaa Tilmaamuu

Leenjifamtoota ! Adeemsa Caasaa molakuulawaa tilmamuuf hordofamuu qaban akka armaan gaditti TWECSA fayyedamuun haa ilaalu.
Mdakuulii ykn ayoonii (Xn ta’eef caasaa isaa tilmaamuuf wal hin fakkaatan)
Adeemsa 1; – Seera Lewisitti fayyadamuun elektiroonota atoomii gidduu galeessaa marsanii jiran adda baasuu. Hidhoon hedduu (double or triple bonds) akka elektiroonii condiitti lakk’I (fudhu)
Adeemsa 2 Elektiroonota cimdii naannoo atoomii giddutti argaman akka dhibbiina gidduu isaanii jiru xiqqaa ta’u tti sirreessuu.
Caasaa molakuwlichaa kallattii ellekktiroonii cimdii hidhoo uumaniin ka’uu (tilmaamuu)
Fkn:-

  1. Caasaa molakuulii CO2, TWECSA fayyadamuun tilmeemi
    Deebii
    Jalqaba elektiroonota vaalansii sheelii atoomii gidduu 9C) jiran beekuu caasaa Lewisitti fayyadamuun caasaa Lewis CO2 barreessuun.
    O C O

Elektiroonota cimdii lamatuu naannoo atoomii C jiru seera TWECSA tiin kunis caasaa solooloo dalgaa ta’a jedhee tilmaan
Xumuratti caasaa molakuulii CO2 kallattii elektiroonii cimdii hidhoo uumanirraa tilmaamuu
Elektiroonii cimdii lamaan C irra jiran sirreeffama solooloo qabu, kunis caasaa molakuulii CO2 solooloo dalgaa ta’uu agarsiisa.
Gaaffii;- TWECSA fayyadamuun caasaa molakuuloota armaan gadii tilmaami
a. BeCl2 b. C2H2 c.NO2- d. BF3 e. CO32- f. CH3+ g., PCl4+ h. PF3 i. PCl3
6.4.2 Polara’aa fi mit- Polara’aa molakulii kovaaleentii
Hidhoon kovaaleentii human harkisa elektiroonii atoomota hidhoo uumanirratti hunda’uun bakka lamatti qoodamu. Isaanis hidhoo koovaallenntii polara’aa fi mit polara’aa dha.
Hidhoo elektiroonotni hirmaataman atoomota hidhoo uumaniin wal qixa herkifaman hidhoo kovalentii mit polara’a jedhamu. Kunis atoomota molakiyulii lame (kanneen akka H2 Cl2 O2 N2 Br2 …) keessa jiran giddutti argama.
Yoo atoomotni elementii human harkisa elekktiroonii adda addaa qaban lamaa elektiroonii cimdii tokko ykn achiiolii waliin hirmaatan, elektirooniin hirmaatame gara atoomii isa human harkisa elekktirnoonii guddaa qabutti caalatti harkifama hidhoon

hrmamu kunis hidhoo kovaaleentii polara’aa jedhama. Hidhoon kovalentii polara’aa molakiyulota kenneen akka HF, HCl, H2O CO2 NH3 fi k.k.f keessa jiran gidduutti argama.
A. Daypoomomentii (Dipolemoment)
Molakuulii tokko keessatti yoo chaarjiin poozatiivii fi negaatiivii fageenya ta’e tokkoon gargar bahan molakiyuulich daaypoolii jedhama. Daayipoolmumentiin polara’ummaa hidhoo safaruuf kan gargaruu dha. Innis forii baay’ataa chaarjii gam-tokkee fi walirraa fageenya chaarjota lameen gidduu jiru dha.
 = Daaypoolmoomeenti Q = Chaarjii
r = Fageenya chaarjota gidduu Daaypoolmoomentii dibaayiin (D) safarama.
1, Dibaayiin = 3.33 x 10-30 cm (koolombii meetirii) Fkn H –Cl ‘n molakiyuulii kovalentii polara’aa dha. Fageenyi (r) hidhoo H –Cl jidhuu 1.270 A
Chaarjiin +1 fi –1 kunis chaarjii daaypoolii 1.60 x 10-19 C dha Kanarra  = qr
= (1.60 x 10-19 C) (1.27 x 10-10 m)
= 2.03 x 10-29 cm
= 6.10 D
Safarri daaypoolummaa yaaliin argame (1.08D) dha. Kun ammoo isa shallagamee argame 6.10. D tiin gad dha. Kunis keniin mul’isu fi molakituliin HCl koovaalleentii ta’uu isaa fi ayooniikii akka hin taane dha. Kanaafuu chaarjiin daaypoolii +1 fi –1 gad tahuu agarsiisaa.
B. Boca Molakiyulotaa Irraa Poolarummaa Molakiyulotaa Murteessuu Molakiyuulotni atom lame atoomota adda addaa of keessaa qaban kenneen akka (HF, HCl, CO NO) daaypoollmoommeenti qabu kanaafuu molakiyuulota polara’oo jedhamu molakiyuulotni atom lame atoomii wal fakkaatuu qaban kenneen akka (H2 O2 F2 fi kkf) daaypoolmovemeentii hin qaban kanaafuu mollakiyuulota miti polara’aa jjedhamu
Fkn
CO2 molakiyulii atom-sadee fi caasaa solooloo Kan qabudha.
       

O  C  O

Kallattii poolarummaa agarsiisa

Molkiyulii solooloo (Daayprolmoomeentii hin qabu, = O) hidhoon lamaanuu cimina wal- qixaa fi kallattii fallaa qabu kanaafuu yeemmuu walitti ida’aman daaypoolmoomeenti wal gala zero ta’a. Kanaafuu molakiyuuliin CO2 miti polara’aa dha (Hidhoon lamaan garuu polara’oo dha)

6.5 Yaad-hiddama Hidhoo vaalaansii (VBT)
Leenjiifamtoota! Yaada rime TWECSA CYaad-hiddama wal-dhibbinsa ellekktiroonii cimdii sheelii olaa) kutaa darbe keessatti ilaalle hubattanii?
Caasaa molakuulii TWECSA fayyadamuun tilmeemuu ni dandeessa ? Yoo dandeesse gaarii dha. Kutaa kana keesatti ammo hidhoo koo vaaleentii fi caasaa molakuulii Yaad- hiddama hidhoo vaalaansii (VBT) fayyadamuun ilaala. Kutaa darbe keessatti caasaa molakuulii seera caasa Luusiin fayyadamuun TWECSA boca molakiyuulii murteessuun dandeenyeera. Haata’u malee gaaffilee kanneen akka armaan gaditti gaafataman kana deebisuuf hanqina qaba ture.
 Atoomtni elektiroonii hirachuun attamiin hidhoo uumu ?
 Molakiyuulotni caasaa qaban attamiin qabaatan
 Amala huna hidhoota gidduu jiru maali?
Kanaafuu hanqina fiyoorii luus kana furuuf Yaad-hiddamawwan hammayyaa kan yaad- rimee mekaaniksii kuwaantamii irratti hunda’aan kan Yaad-hiddama hidhoo vaallaansii fi Yaad-hiddama orbiitalii molakuularaa jjedhama ibsaman ilaala.
Ibsa Yaad-hiddama hidhoo vaalansii
Akkuma beekamu hidhoon kovaaleentii elektiroonii waliin hirachuu atomotaatiin akka uumamu beektu. Haata’u malee uumama hidhoo kooveeleentii kana Yaad-hiddaman hidhoo vaallaansii attamiin ibsa?
Akka pirinsipilii fiyoorii hidhoo vaaleensatti atoomotni walitti dhufuun hidhoo koovaalleentii uuman kan guutuu qaban.

  1. Orbitaalotni atoomii hidhoo uumamii walirraa bu’iinsa geggeessuu qabu (annisaa fi simeetorii walgitu qabaachuu

qabu).

  1. Orbiitalotni atoomii sheelii alaa waal irra bu’iinsa geggeessanii dursanii diqaaleffamuu qabu.

Fakkeenyaan haa ilaalu

  1. Molakiyuulii H2 ( H-H) uumuuf. Orbiitaliin 1s H-lamaan walirra bu’uu qabu walirra bu’uu jechuun iddoo tokko waliin qoodachuu jechuu dha.
    Iddoo walirra bu’iinsa
    +
    1S 1S 1S/1S
    Fakkii 6.3; – Uumana H2 wal irra bu’insa oorbiitalota s-s agarsiisuu
  2. Molakiyoliin HF attamiin uumame
    Akka Yaad-hiddama hidhoo vaalaansatti orbiitaliin –H fi Orbiitaliin –F wal irra bu’iinsa yemmuu geggeessan akka ta’e ibsa. Kunis orbiitaliin 1s H fi walkkaa guutuu orbiitalii 2p F wajjin wal irra bu’iinsa geggeessuun
    F (1s2 2s2 2p5) H

2s2 2P5 1s1





-2 Orbiitalii F (Walakkaa guutuu)


1S Orbiitaalii H
H

Fakkii 6.4; – Uumama HF walirraa bu’iinsa walakkaa guutuu 2p orbiitalii F fi 1s Orbiitalii H mul’isu

6.5.1 Diqaalessuu (Hybridization)
Diqaalaassuu orbiitaalaa jechuun adeemsa walitti makuu orbiitalota atoomii sheelii alaa kan orbiitalota diqaalaa bocaa fi annisaa tokko qabatanii baay’inni isaanii oorbiitaloota atoomii hirmaataniin walgitu kan kennu dha.
Akaakuu orbiitaala Diqaalaa
Gostni orbiitaalota diqaalaa sp, sp2, sp3, sp3d, sp3d2
Orbiitaala Diqaalaa sp kun walitti makaiinsa orbiitaala atoomii s tokko fi p tokko irraa kan uumamu dha.
Fakkeenya;- Molakiyuulii BeF2 keessatti akka TWECSA tti caasaan isaa solooloo dalgaa fi Diyaagiraamiin Orbiitalii vaalansii ellektiroonii Be

2S 2P
Kunis raabsa elektiroonii sheelii alaa Be otuu hidhoo hin Uumiin kan agarsiisu dha ( B. hidhoo koovaaleentii F wajjin uumuu hin danda’u) Kanaafuu Be, elektiroonii 2s tti dabarsuu qaba1

2s 2p

Kunis elektirooniin qeenxee lama orbiitalii 2s fi 2p irra akka jireetan taarisa.
Amma atoomiin Be , F wajjin hidhoo koovaaleentii lama uumachuu ni danda’a. Raabsi elektiroonii F sheelii alaa:

2s2 2p5
2s 2p
Elektirooniin qeenxee orbiitaalii 2p keessatti ni argama Elektirooniin qeenxee. 2p irratti argamu kun elektiroonii qeenxee Be, 2s fi 2p irratti argamu wajjin atoomnii F lama wajjin hidhoo koovaaleentii uumuu danda’u.
F Be F

F Be F

Fakkii 6.5 Diqaaleessuu Orbiitaala s fi p atoomii Be Be F2 keessatti
B, Orbiitalii Diqaalaa sp2 walitti makamiinsa orbiitalii tokko fi orbiitalii p lamarraa Uumame
Fakkeenyaaf; – Molakiyulii BF3 haa ilaaluu molakiyuliin akka TWECSA tti caasaan isaa rog-sadee dha

Raabsa e- B
Otuu hin qeenqa’iin Raabsa e-B
Erga qaanqa’ee

Atoomiin B, e- sadii atoomota F sadiirraa

1S 2S 2P

 

fudhachuun BF3 Uumu

diqaalaa s p2

diqaalaa SP2

Walumagalatti oriitaalonni atoomii walitti makamanii Orbiitalonni diqaalaa akka uumamanii fi bocni isaanii akka armaan gaditti ta’a Gabatee Gosota Diqaalaafi Boca isaanii.
Gabatee 6.3. Hariiroo Yaad-hiddamoota WECSA fi HV

Orbiitalii atoomii giddugaleessaa Diqaala’uu atoomii gidduu
galeessaa Baay’ina Orbiitalii
Diqaala’anii Boca Orbiitaalii Diqaalaa FKF
S, p Sp 2 Solooloo dalgaa BeCl2
S,p,p Sp2 3 Rog-sadee BF3
S,p,p,p Sp3 4 Rog-arfee CH4,
NH+4
S,p,p,p,d, Sp3 d 5 Rog sadee bay
piraamiidii PCl5
S,p,p,p,d,d, Sp3d2 6 Rog jahee SF6

Walirra Bu’iinsa Orbiitaalii Diqaalaa

6.5.2. Diqaalessuu fi Hidhoo Hedduu
Leenjifamtoota; hanga ammaatti waa’ee diqaalessuun nuti fakkeenya fudhannee armaan olitti ilaalle hidhoo qeenxeef qofadha. Amma immoo mee hidhoo dacha fi hidhoo sadee kan of keessaa qabaniif akkamitti orbitaala diqaalaa akka agarsiisnu fakkeenya C2H4 fudhachuun haa ilaallu. As keessatti egaa orbitaalota atoomawaa tokkoo olitu atoomotaa hidhoo keessatti walirra bu’a

H
C C
H

H

H Tokko tokkoo hidhootiifi tokko tokkoo elektiroon cimd-hafootiif

orbitaala diqaalaa tokkotu barbaachisa (hidhoon qeenxees ta’e hedduu). Sababni isaa tokko tokkoon atoomii kaarbonii atoomota biro sadiitti hidhoo uumuun cimdiiwwan hafoo otuu hin qabaatiin orbitaalota diqaalaa sadii barbaada. Kana jechuun tokko tokkoo kaarboniirra gosa orbitaala diqaalaa sp2 tu hojiirra oole jechuudha (gabatee armaan gadii ilaali). Kanaafuu, yommuu hidhoo tokko tokkoon atoomii kaarbonii orbitaalota diqaalaa gosa akkanaa sadii orbitaala 2s tokkoo fi orbitaalota 2p lama irraa uumuun boca pilaanaarii rog-sadee kenna jechuudha. orbitaalli 2p inni sadaffaan tokko tokkoo kaarboniirra jiru ammoo otuu hin diqaaleffamiin diriira orbitaalota sp2 sadii qabatee jiruutiif perpendikulaarii ta’uun atoomii kaarbonii irratti hafa.

2p 2p
sp2
2s

1s 1s

Atoomii C hin diqaaleffamiin Atoomii kaarbonii diqaaleffame

6.5.3. Diqaalessuu orbitaalota-d
Orbitaalotni diqaalaa orbitaalota atoomawaa s,p fi d irraa argaman sp3d fi sp3d2 dha. Isaanis wal-duraa duubaan walirra bu’insa orbitaalota s tokko, p sadii fi d tokkoo fi orbitaalota s tokko, p sadii fi d lama iraa jechuudha. Mee akka fakkeenyaatti PCl5 fudhachuun haa ilaallu. Moodelii WECSA fi caasaa Lewis fayyadamuun:
Cl

Cl
P Cl
Cl
Cl

Atoomiin fosferesii hidhoo qeenxee shan uuma. Akka yaad-hiddama

hidhoo vaaleensiitti waa’ee hidhoo kanaa ibsuuf orbitaalota diqaalaa shantu barbaachisu jechuudha. kanaafuu atoomii p irra orbitaalota diqaalaa sp3d shantu jiru. Raabsi elektiroonota sheelii alaa atoomii kiloorinii 3s23p5 yommuu ta’u kan fosferesii 3s23p3 dha. Orbitaalotni diqaalaa shaman atoomii p fi orbitaalotni atoomawaa 3p kiloorinii hundumtu walirra bu’insa gaggeessuun hidhoo uumu.

3d

3p

– 3p

3d Sp3d

Walirra bu’insa Sp3d

3s 3s

Atoomii fosferesii hin diqaaleffamiin Atoomii foferesii diqaaleffame

1.6. Yaad-Hiddama Orbiitaala Molikulaarawaa
Yaad-hiddaman kun kan ibsu hidhoon koovaaleentiin atoomota giddutti kan uumamu adeemsa kallattiin wal-fudhatiinsa orbiitalota atoomiitiini dha.
1.6.1. Piriinsppilii Yaad-hiddama Orbitaala Molikulaarawaa
Wal-fudhatiinsa haalaan adeemsisuu ulaagaaleen barbaachisaa keessaa kanneen ijoon;-

  1. Orbiitaalonni atoomii wal-fudhatan annisaa fi bocaan wal-gituu qabu
  2. Orbiitaalonni wal-fudhatan simeetirii tokko qabaachuu qabu.
    Wal-fudhatanisa orbiitaalii atoomii uumama orbiitalii molakiyulii keessatti
    Akka TOM itti Orbitaalonni atoomii yeroo wal fudhatan orbiitalii molakiyulii lama kennu. Iisaanis
    i. OM kan annisaa gad aanaa qabu Om hidhoo (OMO) jedhama
    ii. OM kan annisaa olaanaa qabu OM-ol hidhoo (OMAH) jedhama.
    6.6.2 Orbiitaalii Molikulaarawaa Hidhoo (OMH) fi Orbitaala Molikulaarawaa Al- Hidhoo (OMAH)
    Fakkeenyaaf; – akka TOM tti wal irra bu’insi orbiitalii 1s hayidroojinii lamaa orbiitalii Molikulaarawaa lamaa uuma isaanis:
    i. Orbiitaalii Molikulaarawaa hidhoo kunis annisa xiqqaa fi sukaa’ummaa guddaa kan qabu dha (orbiitaalii atoomii isa caalaa jechuu dha).
    ii. Orbiitaalii Molikulaarawaa al hidhoo, Kuni ammo annisaa guddaa fi sukka’ummaa xiqqaa kan qabu dha.

 H +  H   H2(OMH) +  h2 (OMAH)
Baay’inni orbiitaalota atoomawaa wal-fudhatanii fi baay’inni orbiitalota molakulawaa uumaman wal-qixa kunis diyaagiraamii
 OMAH

 OH  OH
 OMH

Fakkii 6.6 Orbiitaalonni atoomii lama wal- fudhatanii orbiitaalota Molikulaarawaa lama Kennan
Haaluma kanaan orbiitalootni s-s, s-p, p-p p-d wal irra bu’uun OMH fi OMAH Uumun ni danda.
Orbiitaalii Molikulaarawaa Sigmaa (  ) fi Paay (  )
i. Sigmaa ( ) orbiitaalii molakulaar 9orbiitalii sigma hidhoo fi orbiitalii sigmea alchidhoo, *)
Atoomotni orbiitaalii lamaa niwokileesii atoomota orbiitaalii wal irraa bu’iinsa geggeessan giddutti sigma ( ) orbiitaalii lamati uumamu
Fakkeenyaaf;-
 Orbiitaalii 1s H-lamaan walirra bu’iinsa geggeessuun orbiitalii hidhoo sigma (kan annisaa xiqqaa qabuu fi elektiroonii guutuu qaban fi orbiitaalii ol hidhoo sigma *) (kan annisaa guddaa fi elektiroonii kuutama xiqqaa qabu) uumama.

 1s

               

1s 1s

H- atoomii

1s

H-atoomii

Fakkii 6.7 Orbital-diyagiraamii Molokiyulii H2
Akkasummas orbiitaliin

S – Px wal irraa bu’uun  SPx fi   Px uumuu danda’u Orbiitalota atoomii

S Px

(Orbiitaalii hidhoo sigma)

s px Ornootaalii al hidhoo sigmaa Fakkii 6.8 Orbitaalota Molikulaarawaa sigimaa Hidhoo fi Al-hidhoo Orbiitaaliin Molikulaarawaa hidhoo kan Uumamu fiixeen orbiitaalii walitti aanaan
lamaanii yoo wal-fakkate dha (the same sign) kunis orbiitaalii niwukileesii atoomota lamaan giddutti kuufamni elektiroonii akka guddaatu taasisa. Orbiitaliin Molikulaarawaa ol-hidhoo kan uumemu fiixeen orbiitaalii walitti aanaan lamaanii yoo fallaa ta’e (opposite sign) dha. Kunis kuufamni elektiroonii orbiitaaliiniwukileesii atoomota giddutti akka xiqqeetu taasisa.
 Orbiitaaliin P -P wal irra bu’insa geggeessuun orbitaalii molakiyilii hidhoo sigimaa fi hidhoo paaumma.
Kunis orbiitaaliin P lamaan xiyya tokkorratti walirraa bu’insa qixa niwokeelsii isaaniitiin geggeessuun qbiifalii Molikulaarawaa hidhoo sigma P-P fi orbitaalii Molikulaarawaa al hidhoo sigma p-p uumu
Orbiitaalii atoonii

P P p – p
Orbiitaalii Molikulaarawaa hidhoo

P P p-p

Orbiitaalii Molikulaarawaa al hidhoo
Fakkii 6.9 Orbitaalota Molikulaarawaa Hidhoo fi Al-hidhoo
ii. Paay ( ) Orbiitaalii Molikulaarawaa (OM)
 Paay orbiitaalii Molikulaarawaa keessatti kuufamni elektiroonii gubbaafi jalaa sararaa orbiitaalii atoomii niwukileesii lamaan wal-qabsiisu giddutti argame isaaniis perpeendikularii xiyya niwokileesii atoomii orbiitaalii lamaaniiti. Kunis pay orbiitaalii molakiyulii fi al pay orbitaalii molakiyuulii uumu
Diyaagiraamii gulaantaa annisaa molikiyuuloota atoomii lame
Raabsi elektiroonii molakiyulotaa akkuma raabsa elektiroonii kanneen atoomota mala iseektirooskooppiin argama.

Tartibni gulantaa annisaa molakiyuulota atoomota gos-tokkee irraa ijaarama qabus.

1s

1s 2s

 2s 2 px 2 py
 2 p

  2 py
  2 pz

  2 px

 z 
Dabala Annisaa
Fakkeenyaaf
Raabsa elektiroonii molakiyulii oksijinni barreessuun diyeesiraamii annisaa agarsiisi.
Deebii
 Baayinni elektiroonii molakiyulii oksijinii = 16
 Seera ofbahurratti hunda’uun raabsi elektiroonoota isaa

1s 2 1s 2 2s 2  2s 2 2 px 2   2 py
2

   2 py 1

 2 p 2   2 pz1
 z 
Rabsa Elektiroonii molaakiyuulota atom lame salphoo barreessuu Kunis diyaagiiraamii anniseen yemmuu ibsamu.

 2 px2

 2s

O 1s O Molikiyulii O

Fakkii 6.10. Orbiitaalii molakiyulii diyaaghitaamii O2

Shallaggii lakkoofsa hidhoo molakiyulootaa
Lakkoofsa hidhoo fi Dheerina hidhoo
Baay’inni hidhoo koovaalleentii molakiyulii keessa lakkoofsa hidhoo (Bond onder) jedhama.
Lakkoofsi hidhoo (L.H) = Baay’ina elektiroonii – Baayina elektiroonii
OMH OMAH 2

Hub;- Yoo gatiin L H = O ta’e molakiyulichi jiraachuu hin danda’u. Yoo gatiin L.H + O ta’e molakiyulichi jiraachuu ni danda’a.
Lakkoofsa hidhoo fi cimina hidhoo
Lakkoofsi yeroo dabalaa deemu ciminni hidhoo molaakiyuulotaa nii dabala.
Lakkoofsi hidhoo dheerina hidhoo wajjin heiiroo fallaa qaba. Yemmuu lakkoofsi hidhoo dabalu, dheerinni hidhoo ammo ni xiqqaata.

Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu molakiyaloota kanaas ibsi.
Lakkoofsa Hidhoo fi sukaa’ummaa molakiyulotaa
Elektiroonotni orbiitaalii molakiyulii hidhoo sukaa’umman molakiyulii dabalan elektiroonotni orbiteelii molakiyulii al hidhoo ammo sukaalummaa molakiyulii hir’isu. Yeroo lakkoofsi orbiitaalii molakiyulii hidhoo (OMH) > lakkoofsa orbiitaalii molakiyulii al hidhoo (OMAH) ta’u molakiyulich sukaa’oo ta’a molakiyulich jiraachuu danda’a.
(< H >O)
 Yeroo lakkoofsi OMH < lakkoofsa OMAH ta’u molakiylichi sukaa’oo miti. Molakiyilich jiraachuu hin danda’u. (<H<O)
 Yeroo lakkoofsi OMH = lakkoofsa OMAH ta’u molakiyulich jiraachuu hin danda’u (<H = O)

Hub;- hidhoon qeenxeen(-) (single bond) hidhoo sigma tokko dha.
 Hidhoon dachaan ( = ) (double bond) tokko hidhoo sigma tokkoo fi hidhoo paay tokko qaba.
 Hidhon sigma tokko fi hidhoo pay lama qaba.
 Dheerinni isaanii
 Cimni idaanii
 Amala paaraamagineetummaa fi daaymaagineetummaa molakiyulotaa
 Amalli maagineetummaa raabsa elektiroonii molakiyulii keessatti jiraachuu elekktiroonii cimdii fi qeenxeerratti hunda’a molakiyuliin ellektiroonii qeenxee qabu amala paaraamaagineetvmmaan qaba, inni elektiroonii cimdii qabu ammo
daaymagin eltumman qaba.

Fakkeenyaa;- Raabsa elekktiroonii molakiyulii O2 yoo ilaala

1s 2 1s 2 2s 2  2s 2 2 px 2   2 py
2

   2 py 1

 2 p 2   2 pz1
 z 

as keessatti O2

  2 py1

fi   2 pz1

irratti elektiroonii cimdii hin ta’iin qaba. Kanaafuu

molakiyuliin O2 amala paaraamaaginetummaa qaba.

GILGAALOTA BOQONNAA
I. SOBA/DHUGAA (SABABEESSI)

  1. Hidhoon keemikaalaa kan uumamuuf inni guddaan seera saddeetii guutuudhaafidha.
  2. Ta’iin annisaa olaanaa qabu tokko si’aayina olaanaa qaba.
  3. Uumamuu hidhoo keessatti kan annisaan deeggaramuu qabu hidhoo ayonawaati hidhoo kovalentii miti.
  4. Kompaawundii KCN hidhoo ayonawaa qofa of-keessaa qaba.
  5. Kaayyoon yaad-hiddamoota hidhoo hundaayyuu akkaataa hidhoon itti uumamu ykn caasaa molikuulii ibsuudha.
    II. GAAFFILEE ARMAAN GADIITIIF DEEBII SIRRII TA’E FILADHU
  6. Micireewwan armaan gadii keessaa kamtu bifa ayoniin sukaa’aa miti? A/ Fe B/ Ca C/ Cl D/ H E/ He
  7. Kamtu molikuulii uumuu hin danda’u?
    A/ Na B/ H C/ O D/ S E/ C
  8. Kanneen armaan gadii keessaa kompaawundii kamtu caalaatti ayonawaa dha? A/ N2O5 B/ MgCl2 C/ CH3COOH D/ CO3 E/ HCl
  9. Kanneen armaan gadii keessaa kompaawundii kamtu caalaatti kovalentii dha?

A/ HCl B/ LiI C/ AlCl3 D/ BeCl2 E/ CH4

  1. Himoota armaan gadii keessaa kamtu amala fiizikaalaa kompaawundoota ayonawaa hin ibsu?
    A/ Dabarsoo elektirikaati
    B/ Humna elektirooistaatikii of keessaa qabu
    C/ Elektirooniin guutummaan guutuutti daddarbuun uumaman D/ Qabxii baqinaa olaanaa qabu E/ Rukina olaanaa qabu
  2. Yaad-hiddamoota hidhoo armaan gadii keessaa kanneen kamtu yaad-rimee kuwantam-mekaaniksii irratti hundaa’uun waa’ee hidhoo ibsa?
    A/ yaad-hiddama caasaa Lewis fi kan Hidhoo vaalaansii B/ yaad-hiddama caasaa Lewis fi kan WECSA
    C/ yaad-hiddama WECSA fi kan Hidhoo vaalaansii
    D/ yaad-hiddama Hidhoo vaalaansii fi kan Orbitaala Molikulaarawaa E/ yaad-hiddama WECSA fi kan Orbitaala Molikulaarawaa
  3. Micireewwan armaan gadii keessaa kan haala teessuma elektiroon-cimdii fi boca tokkicha qabu kami?
    A/ H2O B/ NH3 C/ CH4 D/ SF4 E/ XeF4 F/ H2S
  4. Micireewwan armaan gadii keessaa kan orbitaala diqaalaa sp3d qabu kami? A/ H2O B/ NH3 C/ CH4 D/ SF4 E/ XeF4 F/ H2S
  5. Lakkoofsi hidhoo  fi hidhoo  molikuulii (NH2)2CO wal-duraa duubaan: A/ 2 fi 5 B/ 7 fi 1 C/ 5 fi 1 D/ 8 fi 2 E/ 10 fi 3 F/ 5 fi 2
  6. Wal-qixxaatoon Cu + HNO3  Cu(NO3)2 + NO + H2O yommuu madaalamu kofishentiin naytirik asidii meeqa ta’a? A/ 2 B/ 3 C/ 4
    D/ 5 E/ 7 F/ 8
  7. Foormulaan ‘dayamooniyeem-foosfeetii’:
    A/ (NH4)H2PO4 B/ (NH4)2HPO4 C/ (NH4)3(PO4)2 D/ (NH4)3PO4 E/ (NH4)2(PO4)3
  8. Kompaawundii ayonawaa adda baasi
    A/ BeCl2 B/ PCl5 C/ N2O4 D/ Cl2O E/D.H.K
  9. Uumamuu hidhoo ayonawaatiifhaala mijataa kan hin taane kami?

A/ Guddachuu anniis-gadhiisuu
C/ Guddachuu annisaa laatisii B/ Xiqqaachuu annisaa sablimeessuu
D/ Xiqqaachuu annisaa diiginsaa
E/
D.H.K

  1. M icireewwan armaan gaditti kennaman keessaa kan annisaa laatisii olaanaa qabu kami?
    A/ NaCl B/ MgO C/ MgCl2 D/ KCl E/ CaCl2
  2. Micireewwan armaan gadii keessaa kan seera saddetii cabsu kami? A/ SF4 B/ PCl3 C/ NO2- D/ CO2 E/CO
  3. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu hidhoo ayonawaa fi kovalentii of keessaa qaba?
    A/ NH3 B/ MgCl2 C/ CuO D/ NaOH E/ KCl
  4. Gatii garaagarummaa humna harkisa elektiroonii kennaman irratti hundaa’uun amala kovalensummaa olaanaa kan qabu kami?
    A/ 0.65 B/ 0.94 C/ 1.19 D/ 3.03 E/ 1.67
  5. Micireewwan armaan gadii keessaa kan qaam-makoo hin uumne kami? A/ NO2- B/ SO3 C/SO2 D/ CO32- E/ CO2
  6. Molikuulii CS2 keessatti lakkoofsi hidhoo-, hidhoo-, fi cimd-hafoo wal-duraa duubaan:
    A/ 2,2,4 B/ 4,2,2 C/ 3,1, 4 D/ 4,1,3 E/ 3,4,1
  7. Ayonii atom-hedduu kan hin taane kami? A/ OH- B/ SO42- C/ CN- D/ Ba2+ E/ NH4+
  8. Hidhoo poolara’aa qabaachuun molikuulii mit-poolara’aa kan ta’e kami? A/ NH3 B/ BF3 C/ H2O D/ H2S E/ PCl3
  9. Micireewwan armaan gadii keessaa jiraachuu kan hin dandeenye kami? A/ H2- B/ Be2 C/ Li2 D/ O22- E/ N2+ F/ F2
    III. GAAFFILEE ARMAAN GADIITIIF DEEBII SIRRII FI GABAABAA TA’E KENNI
  10. Micireewwan armaan gadiitiif yaad-hiddamoota Lewis, WECSA,fi HV ibsi. a) SF4 b) PCl5 C/ I3-
  11. Intaalpiin diiginsaa hidhoo N-N, N2 fi N2- keessatti wal-duraa duubaan 945 kJ/mol fi 765 kJ/mol yoo ta’e garaagarummaa kana yaad-hiddama OM fayyadamuun ibsi. Amala magainetummaa micireewwan kennamanii ibsi.
  12. Micireewwan armaan gadiitiif;
    a) Raabsaa elektiroonii isaanii orbital-diyagiraamiin agarsiisi
    b) Lakkoofsa hidhoo isaanii shallagi
    c) Amala maaginetummaa isaanii ibsi

d) Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaanii adda baasi
e) Akkaataa ciminni hidhoo isaanii dabalaa deemuun kaa’i
f) Miciree elektiroon-qeenxeen jiraachuu danda’u adda baasi H2+, He2, O2, O2-, C2, F2, B2-, N2+
IV. Hojiin Agarsiisuun Deebii Sirrii Kenni

  1. Gabatee armaan gadii irratti hundaa’uun annisaa laatisii shallagi

Annisaa Hs(Na) HIE (Na) ½ HD
(Cl2) EA (Cl) HU
(NaCl) Hf
(NaCl)
Gatii(kJ/mol) 108.6 497.8 121.3 -380.4 ? -410.5

BOQONNAA TORBA

  1. WAL-QIXXAATOO KEEMIKAALAA FI ISTOKIYOMEETRII
    SEENSA
    Boqonnaa kana jalatti akkataa hangi moolawaa fi hangi foormulaawaa, yaad-rimee moolii, dhibbentaa qabiyyummaa kompaawundii fi kkf ittiin shallagamu ni baranna. Akkasumas foormulaawwan keemikaalaa kompaawundootaa murtteessu, gosoota walnyaatiinsa keemikaalaa adda addaa fi maloota walnyaatiinsi keemikaalaa ittiin madaalamu ni ilaalla.
    Kaayyoo Boqonnichaa
    Xumura boqonnaa kanaa booda leenjifamtootni
    Hanga foormulawaa fi hanga moolawaa kompaawundota, lakkoofsa moolii, dhibbentaa qabiyyummaa ni shallagu.
    Foormulaa impeerikaallawaa irraa foormulaa malakiyuulawaa ni murteessu. Gosota walnyaatiinsa keemikaalaa tarreessuun fakkeenya ni kennu.
    Maloota adda addaa wal-qixxaatoon keemikaala ittiin madaalamu ni tarreessu, maloota kanneen fyyadamuun wal-qixxaatoon keemikaala kennameef tokko ni madaalus.
    Lakkofsa oksideeshinii wantoota ni tarreessu.
    Hariiroo mool-mool, mool-hangaa fi hanga-hangaa fayyadamuun pirobleemota walqixxaatto keemikaalaa keessatti ni furu.
    Tarmoota kanneen akka walnyaattoota dhaabo, callaa qabatamaa, callaa tiyoori fi dhibbentaa callaa ni ibsu.
    7.1. Hanga Molikulaarawaa fi Hanga Foormulawaa
    7.1.1 Hanga Molikulaarawaa
    Foormulawwan baay’inaa fi gosa atoomota kompaawundicha uumanii agarsiisu. Hangi malakiyulii hanga Molikulaarawaa jedhama. Hangi malakiyulawaa ida’ama hanga atoomawaa elementoota malakiyulicha uumanii ti.
    Hangi moolawaa elementotaa hanga elementootaa yunitii hanga atoomawaan (yha) ibsame yeroo yuunitii giraamaan bakka bu’amu kan argamu dha.
    Fkn: Hangi atoomawaa Mg = 24y.h.a dha
    Hangi moolawaa isaa = 24g/mol dha
     Gaaffii Madaallii 7.1
  2. Hanga moolawaa C6H12O6 shallagi.

7.1.2 Hanga Foormulaa
Kompaawundotni ayoonaa’aa malakiyuloota of keessaa hin qabani. Foormulaan isaanii reeshoo atoomota kompaawundicha keessaa agarsiisa. Hangi foorumlawaa hanga atoomawaa irrraa shallagama. Kompaawundota ayoonaa’aatiif ida’amani hanga atoomawaa elementoota forumula unitii tokko uumanii hanga formulawaa jedhama.
Fkn: Hanga foormulawaa MgCl2 shallagi..
1Mg = 1 x24.0 yha = 24 y.h.a 2Cl = 2×35.5 y.h.a=71 y.h.a 1MgCl2 = 95y.h.a
Kanaafuu hangi MgCl2 moolii tokkoo 95g dha. Haaluma kanaan hangi foormulawaa NaCl = 58.5 y.h.a, kan Ca(OH)2 = 74 y.h.a fi k.k.f
Hub: Hangi kompaawundii moolii tokkoo hanga kompaawundichaa y.h.a ibsame giramatti jijjiruun argama.
Fkn: 1mol NaCl = 58.5g
1mol MgCl2 = 95g
1 mol Fe2(SO4)3 = 399.8g
 Gaaffii Madaallii 7.2

  1. Hanga Molikulaarawaa komaawundota arman gadii shallagi.
    A. H2SO4 B. C2H5OH C. CO(NH2)2
  2. Hanga foormulawaa kompaawundota armaan gadii shallagi.
    A. (CaSO4)2 .H2O B. Na2CO3 .1OH2O C. Fe3O4 D. Ca(H3PO4)2

7.2 Yaad-rimee Moolii
Wanti ruqoolee xixiqqoo (atoomota, malakkiyuulota, ayoonota elektiroonota, pirootonota fi kkf) lakkaa’uuf itti gargaaramnu moolii jedhama. Bakka bu’een “SI unit” isaa mol dha. 1mol ruqoolee = 6.02 x 1023 ruqoolee
1mol Na = 6.02 x 1023 atoomota Na qaba 1mol e- = 6.02 x 1023 elektiroonota
1mol H2=6.02 x 1023 molakulota H2
1mol H2= 2×6.02 x 1023 atoomota hayioiroojinii
Lakkoofsi guddichi (6.02 x 1023) kun lakkoofsa Avoogaadiroo jedhama innis kabaja saayintistii biyya xaaliyaanii Amadi’o Avoogaadrootiif kenname.
Fkn: Sibbila ayiranii (Fe) 0.5 mol keessa atomoota Fe meeqatu jira?

Furmaata
1mol Fe = 6.02 x 1023 atoomota Fe
0.5 mol Fe = ?

Lakkoofsa atomoota Fe =

0.5mol Fe6.022×1023 atoomota Fe

1mol Fe

 3.01×1023

atoomota Fe

Hub: Lakkoofsi atoomota N 14g keessaa atoomota 6.02 x 1023 dha. Lakkoofsi atoomota Fe 56g keessaa atoomota 6.02 x 1023 dha
 Gaaffii Marii

  1. Lakkoofsa atoomota hayidiroojinii fi kaarbonii kan gilukoosii (C6H12O6) moolii tokko keessaa shallagi.
    Lakkoofsi moolii wanta tokkoo hanga wantichaa, hanga moolawaa isaatiif hiruun argama.

Lakkoofsamoolii(n) 

Hangakenname(m) Hanga Moolaarawaa(M )

 n  m
M

Fkn-kaalisiyemi (Ca) moolii 2.0 keessa, kaalisiyemi giraama meeqatu jira?
Furmaata
1 mol Ca = 40g MCa = 40 g/mol m = n x M = 2.0mol x 40 g/mol
m = 80g
 Gaaffii Madaallii 7.3

  1. Hanga soodiyeem karbooneetii (Na2CO3) moolii 4 shallagi.

7.3 Dhibbantaa Qabiyyummaa Kompaawundotaa
Hangi elementiin tokko kompaawundii 100g keessaa qabu dhibbantaa qabiyyee hangaa jedhama. Dhibbantaan qabiyyee hangaa hanga elementii hanga elementichaa fi hanga kompaawundichaa irraa shallagama.Inniis
Dhibbantaa Qabiyyee(%)  (Hanga atoomii elementii kompaawundichaa) x100%
Hanga Dimshaashaa Kompaawundichaa
Fkn: Dhibbantaa qabiyyummaa hangaa ‘S’ kan CuSO4 keessaa shallagi

Furmaata
Dhibbantaa Salfarii (%)  (Hanga salfarii kompaawundicha keessaa) x100% 
Hanga Dimshaashaa Kompaawundichaa
 20.06%

32 g

159.5 g

x100%

 Gaaffii Madaallii 7.4

  1. Dhibbantaa qabiyyummaa hangaa ‘O’ fi ‘Cu’ kan CuSO4 keessaa shallagi.
  2. Dhibbantaa qabiyyummaa hangaa tokko tokkoon elementoota kompaawundota armaan gadii keessaa shallagii A. MgSO4.7H2O B. CaCO3 C. Al(OH)3
    7.4 Foormulaa Keemikaalaa Murteessuu
    Kompaawundotni foormulawwan keemikaalaatiin bakka buufamu. Formulawwan kanneen gosa elementoota kompaawundii uumanii akkasumaas reeshoo fi lakkoofsa tokkoon tokkoo elementoota kompaawundii uumanii ibsu.
    Formulawwan keemikaalaa gosa odeeffannoo isaan laatan irratti hundaa’uun bakka saditti qooduun. Isaanis
  3. Foormulaa Impirikaalaa
  4. Foormulaa malikiwullaraa
  5. Foormulaa Caasaa
    7.4.1 Foormulaa Impirikaalaa
    Foormulaan impirikaalaa foormulaa keemikaalaa xiqqaa dhumaa ta’ee kan lakkoofsa atoomota kompaawundii keessaa lakkoofsa guutuu gadi aanaa agarsiisu dha.
    Innis gosa atoomoota fi reeshoo isaan kompaawundii keessaa qaban agarsiisa.
    Fkn: Foormulaan impirikaalaa gilukoosii CH2O dha. Kun kan agarsiisu reeshoon C, H fi O giluukoosii keessaa 1:2:1 ta’uu isaa ti.
    Reeshoon hangaa ykn dhibbantaan qabiyyummaa hangaa atoomota koompaawundii keessaa yoo kenname foormulaa impeerikaalaa kompaawundii shallaguun ni danda’ama. Fkn: kompaawundii foormulaan isaa hin beekamne tokko naayitiroojinii fi oksijiin qofa ofkeessa qaba. Hangi kompawundii kanaa giraama 13.8 dha. Kompaawundiin kun yoo diigamu naayitiroojinii giraama 4.2 kenna. Foormulaa imperikaalawaa kompaawundii kanaa murteessi. ( N = 14, O = 16 )
    Furmaata
    Hanga naayitiroojinii komp. Keessaa = 4.2 g
    Hanga oksijiinii komp. Keessaa = (13.8 – 4.2)g = 9.6g ta’a
    Lakkoofsa moolii N fi O shallaguuf

Lakkoofsamoolii(n) 

Hangakenname(m) Hanga Moolaarawaa(M )

 n  mN 
MN

4.2 g

 0.3mol

Lakkoofsamoolii(n) 

Hangakenname(m) Hanga Moolaarawaa(M )

 n  mO 
Mo

9.6 g

 0.6 mol

Re eshoolakkoofsamoolii shallagamuu N : 0.3  1;
0.3

O : 0.6  2
0.3

Kanaaf, reeshoon lakk. Mooli N gara O 1:2 waan ta’eef, foormulaa imperikaalawaa kompaawundii kanaa NO2 ta’a jechuu dha.
 Gaaffii Madaallii 7.5

  1. Kompaawundii foormulaan isaa hin beekamne tokko hangi isaa giraama 2.2 dha. Yoo kompaawundiin kun salfarii fi foosfarasii qofa kan of keessaa kan qabu ta’e fi hangi foosfarasii kompaawundicha keessaa 1.24g ta’e foormulaa imperikaalawaa isaa murteessi ( P = 31 S = 32 )
  2. Kompaawundiin hangi malakiyulawaa isaa hin beekamne dhibbantaan qabiyyee hangaa isaa 10.5% C , 0.84% H fi 89.11% Cl ta’uun yoo beekame . Foormulaa impirikaalawaa isaa barbaadi. [ C = 12, H = 1, Cl= 35.5)
    7.4.2 Foormulaa molikiwulaaraa
    Foormulaan malakiwulaaraa formulaa gosa fi lakkoofsa tokkoon tokkoo atoomota kompaawundicha uumanii agarsiisu dha.
    Fkn: Foormulaan malakiwulaaraa hayidiroojin perooksaayidii H2O2 dha. Kana irraa kan hubannu kompawundiin kun hayidiroojinii fi oksijinii irraa uumamuu fi malakiyulii hayidirojin perooksaayidii tokko keessa atomoota H lamaaf atomoota O lama jirachuu dha. Foormulaa impeeriklaalawaa irraa foormulaa malakiyularaa argachuun ni danda’amaa ? attamitti ?
    Formula impeerikaalawaa fi hanga Molikulaarawaa irra foormulaa Molikulaarawaa shallaguun ni danda’ama. Kuniis waan hangi foormulaa impecrikaalawaa lakkoofsa hundaatiin baay’ifamee hanga foormulaa Molikulaarawaan kennuf.
     Hanga foormulaa Molikulaarawaa = (hanga formula impeerikaala)(x) x’n lakkoofsa hundaati.
    Fkn:-1 Nikootiiniin kompaawundii baala tobakoo keessatti argamu dha. Iddattoo kompaawuundii Kanaa irratti qorannoon geggeffame tokko akka agarsiisetti dhibbantaan qabiyyee hangaa isaa C 74% H 8.7% fi N 17.3% dha hangi molkiyulawaa isaa 162 yoo ta’e foormulaan Molikulaarawaa isaa maali ta’a ?

Furmaata
Dura foormulaa impirikaalawaa komp. Kanaa barbachuun haa jallqabnu.
Dhibbantaa qabiyyumma hangaa irraa kan hubannu iddattoon kompaawuundii Kanaa 100g keessa 74g C, 8.7g H, fi 17.3g N jirachuu dha. Kana irraa ka’uun:
lakkoofsa moolii H, N fi C shallaguu.

nN  N 
M N

17.3 g

 1.23mol ; nC

 mC 
MC

74 g

 6.2 mol

nH  H 
MH

8.7 g

 8.7 mol

; Reeshoo: C: 6.2
1.23

 5; H : : H: 8.7
1.23

 7; N : 1.23  1
1.23

Kanarraa foormulaan Impiriikaalaa isaa C5H7N ta’a.
(Hanga formulaa Imperikaala)x = foormulaa molkiyulaaraa
 (C5H7N ) x = 162
 x  162  2
81
Kanaafuu, foormulaan Molikulaarawaa = (C5H7N)2 = C10H14N2
 Gaaffii Madaallii 7.6

  1. Kompaawundiin foormulaan impeerikalawaan isaa C2H5O ta’e tokko hangi Molikulaarawaa isaa 90g/mol dha. Foormulaa molakiyulaaraa kompaawundii kanaa barbaad. [ H = 1, C= 12, O =16]
    7.5 Wal-qixxaatoo Keemikaalaa
    Walnyaatiinsi keemikaalaa adeemsa jijjirama keemikaalaa wanti tokko wanta haaraa biroootti ittiin geeddaramu dha.Wal-qixxaatoon keemikaalaa barreeffame gabaabaa jijjirama keemikaalaa iddoo bu’eewwanii fi foormulawwaniin fayyadamuun ibsu dha.
     Wal-qixxaatoo keemikaalaa barreessuuf wantootni irratti xiyyeeffatamu qaban. Walqixxatton keemikaalaa barreeffamu wanta qabatamaa (dhugaa yaaliin argame) bakka bu’uu qaba.
     Walnyaattootni xiyyaa irraa harka bitaatiin, firiiwwan immoo harka mirgaa xiyyaatti barreeffamuu malu. Walnyaattota • Firii
     Iddoo bu’eewwanii fi foormulaawwan walnyaattotaa fi firiiwwanii sirritti beekamuu qabu.
     Walqixxaattoon keemikaalaa barreeffame akka seera walgita-hangaatti madaalamuu qabu.
    7.5.1 Wal-qixxaatoo keemikaalaa Madaaluu

Walnyaatinsi keemikaalaa wal-qixxaatoo keemikaalaa waliigalaa armaan gadiitiin ka’ama. Walnyaattota • Firii (callaa)
Adeemsi walqixxaattoo keemikaalaa tokko lakkoofsa atomoota xiyyaa irraa karaa bitaatti argamanii fi xiyyaa irraa karaa mirgaatti argamanii walqixxeessun walqixxaattoo keemikaalaa madaaluu jedhama.
Seera Walgita Hangaa fi Walnyaatinsa Keemikaalaa
Seera walgita hangaa ilaalchisee boqonna sadi keessatti barattanii jirttu. Wal-qixxaatoon keemikaalaa akka seera walgita hangaatti madaalamu qabu
Fkn: 2Mg + O2 • 2MgO
 Gaaffii Marii

  1. Walnyaatinsa armaan olii keessatti hanga walnyaattotaa fi firii shallaguun seera walgita hangaa waliin deemuu isaa mirkaneessi
    Walnyaatinsa Keemikaalaa Sasalphoo Mala Yaaliitiin Madaaluu
    Mala kana keessatti hanga baayyinna atamoota walnyaatinsi xiyyaa irraa gara harka bitaaf mirgaa walqixxaatutti yaalii geggeessuun madaaluudha. Malli kun yeroo hedduu walnyaatinsa salphaa madaaluuf fayyada.
     Gaaffii Madaallii 7.7
  2. Walnyaatiinsa armaan gadii mala yaaliitiin madaali A/ Na2CO3 + HCl • NaCl +H2O +CO2
    B/ C8H18 + O2 • CO2 +H2O C/ Na + H2SO4 • Na2SO4 + H2
    D/ Al + O2 • Al2O3
    E/ C6H12O6 + O2 • CO2 + H2O F/ KClO3 • KCl + O2
    Walqixxaattota Walnyaatinsa Ridooksii Madaaluu
    Walnyaatinsi oksideessaa fi rideessa al tokkotti keessatti argaman walnyaatinsa ridooksii ta’uu isaa kutaa darbee keessatti barattanii jirtu. Mata duree kana jalatti ammoo haala walnyaatinsi ridooksi itti madaalamu baranna.
    A. Lakkoofsa oksideeshinii
    lakkoofsi oksideeshinii waan tokkoo walnyeetinsa keessatti dabaluu fi dabaluu dhiisuu isaa beekuufi walnyaatinsi tokko walnyaatinsa riidooksii ta’uu isaa kan ittiin mirkanawu lakkoofsa oksideeshiniin.
    B. Qajeelfama lakkoofsi oksideeshinii ittiin kennamu
  3. Lakkoofsi oksideeshinii elementeootaa yeroo walaba ta’anii argaman zeeroo dha.
    Fkn: Lakkoofsi oksideeshinii Na, Mg, Fe, N2, O2, zeeroo qabu
  4. Lakkoofsi oksideeshini ayoonota sasalphoo (simple ions) lakkoofsa chaarjii isaanii wajjiin wal-qixa.
    Fkn: Na+ _ lakk. oksideeshinni +1 dha.
    M92+ _ lakk. oksideeshinni +2 dha. Al 3+ _ lakk. oksideeshinni +3 dha. Cl1- – lakk. oksideeshinni -1 dha.
  5. Elemantootni tokko tokko kompaawondii isaanii keessatti lakkoofsa oksideeshinni dhaabbataa qabu. Fkn:
    i. Sibiilotni garee IA kompaawundota isaanii keessatti lakk. oksideeshinii +1 qabu.
    ii. Sibiilotni garee IIA ammooo kompaawundota isaanii keessatti lakk. oksideeshinii +2 qabu.
    iii. Filooriinii kompaawudii isaa keessatti lakk. oksideeshin -1 qaba.
    iv. Hayidiroojiiniin kompaawundota elementtoota
    a. Sibiilaa wajjiin lakk. oksideshiiniisaanii +1 qaba
    b. Sibilaalota wajjiin lakk. oksideeshini -1 sibiilalota qaba

v. Oksijiniin lakk. oksideeshiini -2 qaba haa ta’u malee
a, Filooriinii wajjiin kompaawundii uumu (OF2) keessatti lakk. oksideeshiini
+2 qabaata.
b, peeroksaayidota keessatti lakk. oksideeshiini -1 qabaata.
c, supparoksaayidota keessatti ammooo lakk. Oksideeshiin –1/2 qabaata.

  1. Ida’amni lakkoofsa oksideeshinii atoomotaa (elementootaa) kompaanundii hinbaabsawoo keessatti argamanii zeeroo dha.
    Fkn: lakkoofsa oksideeshinii N, HNO3 keessa jiruu shallagi.
    ‘x’ yoo lakkoofsa oksideeshinii N bakka bu’e.
    +1x-2 HNO3
    +1+x + (-2×3) = 0
    +1+x-6 = 0
    5 + x = 0 X = +5
  2. Ida’amni lakk. oksideeshinii atoom-hedduu ayoonota chaarjii isaanii wajjiin walqixa.
    Fkn: lakkoofsa oksideeshinii Cl, ClO3- keessa jiruu shallagi. ‘X’ yoo lakkofsa oksideeshini Cl bakka bu’e
    X -2
    ClO3-1 = x + (-2×3) = -1
    x – 6 = -1
    x = -1 +6 = +5
     Gaaffii Madaallii 7.8
  3. Elementoota armaan gaditti kennamaniif lakkoofsa oksideeshinii isaanii shallagi.
    A. S, Na2S4O6 keessatti
    B. Cr, Cr2O72- keessatti
    C. P, PH3 keessatti
    D. Li, LiO2 keessatti

C. Mala jijjiirama lakkoofsa oksideeshinii walqixxaattoota keemikaalaa madaaluu. Mala kanaan walqixxoottoota keemikaalaa madaaluuf fakkeenya armaan gadii ilaali Fakkeenya af- walnyaatinsa
NO2 + H2 NH3 + H2 O
Mala jijjiirama Lakkoofsa oksideeshinii Madaduuf

  1. Lakkoofsa oksideeshinni atoomii hundaaf tarreessuu
    +4NO2-2 + HO +3NH +1 + +1 M -2O
  2. Bakka jijjiiramni lakkoofsi oksideeshinii jiru adda baasu
    +4N (NO2 Keessatti ) N-3 (NH3 Keessatti) H2O H+1 (H2O keessatti)
  3. Jijjiirama kana keessatti elektiroonota hirmaatan adda baasuu.
    +4N + 7e- -3N (e-7 fudhate rideekfama) H2O _ 2e- +1H2 (e- 2 kenne, oksideeffama)
    Oksideeffema

NO2 + H2 NH3 + H2O
Rideekfame
7e- fudhate

  1. Elekfiroonii kennamanii fi fudhataman wal- qixxeessuu
  • Isa elektiroonii 7 fudhate 2n beey’isuu, isa elektiroonii 2 kennee ammoo 7n baay’isuu dha.
    2e- x7 = 14e-

NO2 + H2 NH3 + H2O

7e- x2 = 14e-

  1. Lakkofsa ittiin baas’isaa turre koofisheentoota isaanii jalatti barreesuu 2NO2 + 7H2 2NH3 + H2O
    Bishaaniif (H2O) koofsheentii 7 yoo barreeffamee hin madaalamu kanaafuu isa hin madaalamiin hafe kena mala yaaliin madaalu dha.
    2NO2 + 7H2 2NH3 + 4H2O
     Gaaffii Madaallii 7.9
  2. Mala Jijjiirama Lakkoofsa Oksideeshinii fayyadamuun wal-qixxaattoota armaan gadii madaali
    a. Cu + HNO3 Cu (NO3)2 + NO + H2O
    b. Kmno4 + HCl KCl + MnCl2 + H2O +Cl2
    c. Al + MNO2 Al2O3 + Mn
    d. Na2 Cr2O7 + HCl NaCl + CrCl3 + H2O +Cl2
    Mala Walnyaatinsa walakkaatti Qooduun Wal- qixxaattoota keemikaalaa madaaluu Malli kun suudota yookiin ayoonota dhangala’oo keessatti argamu danda’an irratti hunda’a. Kunis walnyaatinsa lamatti qooduun (walanyaatiinsa walakkaa oksideeshinii fi walnyaatinsa walakkaa ridaakshinii ) madaaliin erga gaggeeffamee booda walitti ida’uun walnyaatinsa guutuu argachuu dha.
    Hub:
     Walnyaatnsich bulbula asiidawoo yoo ta’e H+ fi H2O itti fayyadamuun walnyaatinsa walakkaa keessatti H fi O wal-qixxeessuu
     Walnyaatini bulbula beezawoo yoo ta’e OH- fi H2O itti fayyadamuun walnyaatinsa walakkaa keessatti H fi O wal qixxeessuu dha.
    Fkn: Walnyaatinsa bulbula asiidawoo armaan gadii mala walnyaatinsa walakkaa lamatti qooduun madaali.
    Cr2O72-+ H++Cl- Cr3+ + ClO3- +H2O
    Furmaata
  3. Walnyaatinsa walakkaa (Oxidation- reduction half rxn) lamatti qooduu.
    i. Cr2 O72- Cr3+ (Rideekfama, madiit ?)

ii. Cl Cl31 ( Oksideettama , madiit ?)
Walnyaatinsa cinaa redeekfamaa madaaluu
i. Cr2O72- Cr3+
Cr2O72- 2Cr3+(Lakk. Atoomi Cr walqixxeessuu)
Cr2O72- 2Cr3++7H2O(Lakkoofsa Oksijinii wal- qixxeessuuf gama oksijinii barbeeduuf “ H2O” itti ida’uu (‘O’ tokkoof “H2O” tokko
Cr2O72- + 14H+ 2Cr3+ + 7H2O(H+ barbaacjisu ida’uun “H” madaaluu
Cr2O72- + 14H+ 2Cr3+ + 7H2O
Lakkoofsa elektiroonota bitaafi mirgaa wal qixxeessuu Cr2O72- + 14H+ 2Cr3+ + 7H2O
1x(-2e-) + 14 x (+1e-) 2x(+3e-) +0
-2e- + 14e- +6e-
= +12e- = +6e-
Chaarjiin bitaa fi mirgaa wal-qixxee miti kanaafuu gama caalutti hamma gahaa ta’ee ida’uu (6e- ida’uu)
Cr2O72- + 14H+ + 6e- 2Cr3+ + 7H2O xumurameera.
Walnyaatinsa cinaa oksideeffama wal-qixxeessuu ii, Cl- ClO3-
Cl-+3H2O ClO3- (lakk. Atoomii O walqixxeessuf gama atoomii O barbaaduuf bishaan itti ida’uu)
H+ barbaachisu ida’uun “H” madaaluu
Cl- +3H2O ClO3- + 6H+( H+ barbaachisu ida’uun atoomii “H” walmadaaluu
Lakkoofsa chaarjii elektiroonii bitaa fi mirgaa wal-qixxeessuu. Cl- + 3H2O ClO3- + 6H+
1x(-1e-) + 0 1x(-1e-) + 6x(+1e-)
= – 1e- -1e + 6e-
= -1e- = +5e-
Chaarjiin bitaa fi mirgaa wal-qixaa miti. Kanaafuu, gama caalutti (+5e-) hamma gahaa ta’e ida’uu (6e- ida’uu)

Cl- + 3H2O ClO3- + 6H+ + 6e- xumurameera.
Walnyaatinsa cinaa lamaan walitti ida’uu
Cr O 2- + 14H+ + 6e- 2Cr3+ + 7H O Cl- + 3H2O ClO3- + 6H+ + 6e-
Cr O 2- + 8H++Cl- 2Cr3+ + ClO – + 4H O
Wal-qiixxaattoota keemikaalaa madaalama dha.
 Gaaffii Madaallii 7.10

  1. Wal-qixxaattoota keemikaalaa armaan gadii maali wallnyaatinsa lamatti qooduun madaalii
    a. MnO4-+SO2 + H2O Mn2+ + SO42- + H+(bulbula asiidawoo)
    b. Cl- + MnO4- + H+ Mn2++ Cl2 + H2O(bulbula asiidawoo) c.Cr(OH)3 +IO3- I- +CrO42- + H2O (bulbula beezawoo)
    7.6 Shallaggii Hamma Wantootaa (Stochiometry)
    Walqixxaattoota keemikaalaa madaalame keessattui moolii, hanga, qabee fi k.k.kf caasaallee bitaa fi mirgaa keessaa hamma wantootaa shallaguun ni danda’ama.
    Tooftaalee shallaggii kanas akka armaan gaditti haa ilaalu.
    7.6.1 Hariiroo Moolii-Mooliin Wal Qixxaattoota Keemikaalaa Irraa
    Moolii beekamoo (kennamii) walnyaattoo yookaan firii irratti hunda’uun kan hin beekamne shallaguun ni danda’ama.
    Fkn
  2. Amooniyaa moolii 16 oomishuuf hamma moolii naayitroojinii barbaachisu shallagi.
    Furmaata
    X 16mol
    N2 + 3H2 2NH3
    1mol 3mol 2mol
    (:X” – moolii N2 barbaachisu iddoo bu’ee dha.) X (2mol NH3) = (1mol N2)(16mol NH3)

 x  1mol N2 16 mol NH3   8mol N
2 mol NH3

barbaachisa = 8mol N2

barbaachisa

 Gaaffii Madaallii 7.11

  1. 4.80 Oksijinii wajjin wal nyaachuun CO2 yoo uume, hamma moolii CO2 calla’u shallagi
  2. Beenziinii (C6H6) mooliin 3 oksijinii wajjin walnyaachuun hamma moolii H2O oomishamu shallagi.
    7.6.2 Hariiroo Hanga- Hangaan Walqixxaattoota Keemikaalaa Irraa Fkn
  3. Walnyaatinsa C6H12O6 + 6O2 6CO2 +H2O irratti yoo C6H12O6 giraamiin 856 Oksijinnii wajjiin walnyaate hamma CO2 oomishamu shallagi.
    Furmaata
    856 g X
    C6H12O6 + 6O2 6CO2 + 6H2O

(1x180g/mol 6 x 44g/mol
X (180 g/mol C6H12O6) = 856 g C6H12O6 x 264g/mol CO2

 x  1856 g C6 H12O6 264 g / mol CO2   1.25×103 g CO

omishama

180 g / mol C H O 2
6 12 6
 Gaaffii Madaallii 7.12

  1. Mitaanooliin qilleensa keessatti akka armaan gaditti boba’a 2CH3OH + 3O2 2CO2+ 4H2O
    Yoo mittaanoolii 209 g Oksijnii keessatti gubate, hanga H2O Oomishamu meeqa ta’a?
    7.6.3 Hariiroo Moolii- Hangaan Wal-Qixxaattoota Keemikaalaa Irraa
    Fakkeenya fudhachuun haa ilaalu.
  2. Hangi CaCO3 diigamuun CO2 moolii 3 Oomishuuf barbaachisu meeqa?
    Furmaata
    Wal-qixxaattoota keemikaalaa barreessuun X 3 mol
    CaCO3 CaO + CO2 (g/mol (1mol x 100g/mol) 100g
    X(1mol CO2) = 100g CaCO3 x 3mol CO2

 x  100 g CaCO3 3mol CO2   300g CaCO

diigamuu qaba

1mol CO2

 Gaaffii Madaallii 7.13

  1. Hamma moolii haayidrojinii NH3 moolii 12 Oomishuuf barbaachusu shallagi.
  2. Wal-nyaatinsa
    2NO (g) + O2(g) 2NO2(g) tiif,
    a. O2 moolii 0.254 yoo wal-nyaate NO2(g) moolii meeqatu Oomishamu?
    b. Yoo 1.44g NO (g) wal-nyaate hangi NO2(g) oomishamu shallagi.
  3. Hariiroo lakkoofsa moolii fi lakkoofsa suudowwanii (lakkoofsa Avogadiroo) gidduu jiru agarsiisuun fakkeenya hojjedhu
    7.6.4. Wal- nyaattoota Murteessoo (Limiting Reagents)
    Wallnyaatinsa keemikaalaa keessatti yeroo hedduu walnyaattootni gosa lamaan argamu. Isaanis, walnyaattoota Murteessoo fi walnyaattoota irra darboo dha. Walnyaattoota Murteessoon jalqaba kan xumuramanii fi firii walnyaattnsa irra argamu kan murteessanii dha. Walnyaattoota Irra darboon walnyaatinsa keessatti walnyaattoo Murteessoo hunda wajjin walnyaate irra darbee irra hafuu dha.
    Fkn: Yuuriyaan, (NH2)2CO, kan oomishamu NH3 fi CO2 walnyaachisuun 2NH3 (g) + CO2(g) ( NH2)2CO + H2O ( l )
    Adeemmsa tokko keessatti NH3 637.2g fi CO2 1142g wajjiini yoo walnyaate, A.Walnyaattoo dhaboon isa kami?
    B.Hangi (NH2)2CO oomishamu meeqa ta’a?
    C. Hammi walnyaatto irra darboo giraamiin meeqa ta’a?
    Furmaata
    a. Hanga NH3 fi CO2 kennametti fayyadamuun hanga(NH2)2CO oomishamu dabaree dabareen shallaguun waalnyaattoo dhaboo fi irra darboo adda baasuu.
    i. Hanga NH3 fayyadamuu hanga (NH2)2CO oomishamu shallagi.
    637.2 g x
    2NH3 (g) + CO2(g) ( NH2)2CO + H2O(l)

637.2 g/34g/mol = X/60g/mol
X= 1124.12g (NH2)2CO oomishama.
ii. Hanga CO2 fayyadamuun hanga (NH2)2CO oomishamu shallagi. 1142 g X
2NH3 (g) + CO2(g) ( NH2)2CO + H2O(l)
1142/44g/mol = X/60g/mol

X=1557.27g (NH2)2CO oomishama.

Walnyaattoota keessaa inni firii xiqqaa oomishu walnyaattoo dhaboo dha. Kanaaf, firii murteessaan (walnyaattoo Murteessoon) NH3 dha.
b. Hangi (NH2)2CO oomishamuu danda’u 1124.12g qofaa dha
Kana jechuun, NH3 walnyaattoo Murteessoo yommuu ta’u CO2 ammooo walnyaattoo irra darbaadha.
c. Hamma walnyaatt irra darbee hafu beekuuf hanga CO2, (NH2)2 CO 1124.12g
oomishuuf itti fayyadamne shallaguun isa irra hafe isa duraa irraa hir’isuun ta’a X 1124.12g
NH3(g) + CO2 (g) (NH2)2CO + H2O
44g/mol 60g/mol

X = 44g/mol CO2 x 1124 g (NH2)2CO
60 g/mol (NH2)2 CO
X = 824.35g
CO2 824.35g itti fayyadamne kanaafuu walnyaattoon irra darbee hafe
= 1142g – 824.35g = 317.65g dha
 Gaaffii Madaallii 7.14

  1. Al giraamii 124 fi Fe2O3 giramii 601 akka armaan gaditti walnyaachuun Al2O3 fi Fe yoo uuman.
    2Al + Fe2O3 Al2O3 + 2Fe
    a. Hamma giraamii Al2O3 Oomishamu shallagi
    b. Hammi walnyaattoo irra darbee walnyaatinsa keessatti hafu giraamii meeqa ta’a?
    7.6.5. Callaa Shallagamaa, Callaa Qabatamaa fi Dhibbantaa Callaa
    Callaan yaad-hiddama callaa yommuu walnyaattotni dhaboo hundii walnyaatinsa keessatti hirmaatan argamu dha. Callaa qabatamaa calla dhugumaan walnyaatinsa keemikaalaarraa argamu dha. Callaan fiyoorii yeroo hunda calla qabetamaan oli dha kun maaliiif akka ta’e ibis ! Keemistootni ga’umsa calla walnyaattoorra argamu murteessuuf Dhibbantaa callaatti fayyedamu.

Dhibbantaa Callaa (%) 

Callaa Qabatamaa Callaa Shallagamaa

x100%

 Gaaffii Madaallii 7.15

  1. Kitaabilee adda addaa dubbisuun, fakkeenyaa gaaffilee akkanaa sadi fudhachuun calla shallagamaa fi Dhibbantaa calla shallagi gabaasa kee daree keetiif dhiyeessi GILGAALOTA BOQONICHAA
    I. GAAFIILEE ARMAAN GADIITIIF DEEBII BAAYYEE SIRRII TA’E FILADHU
  2. Wal-qixxaatoon Cu + HNO3  Cu(NO3)2 + NO + H2O yommuu madaalamu kofishentiin naytirik asidii meeqa ta’a? A/ 2 B/ 3 C/ 4 D/ 5 E/ 7 F/ 8
  3. 11.5g Na lakkoofsa atoomota soodiyeemii meeqa qaba? ( HM Na = 23.0g/mol)
  4. A/ 1mol B/ 0.5mol C/ 2.0mol D/ 264.5mol E/ D.S.H.K
  5. Iddattoon kompaawundii ayonawaa Na, Cl fi O qofa of-keessaa qabu tokko hangaan 15.0g dha. Yoo hangi Na fi Cl walduraa duubaan 2.82g fi 4.35g ta’e, foormulaan impeerikaalaa kopaawundii kanaa meeqa ta’a?
  6. A/ NaClO2 B/ NaClO4 C/ NaClO D/ NaClO3 E/ NalO3
  7. 11.5g Na mooliin meeqa? ( HM Na = 23.0g/mol)
  8. A/ 1mol B/ 0.5mol C/ 2.0mol D/ 264.5mol E/ D.S.H.K
  9. Iddattoo qabiyyeen isaa C (52.17), H (13.04) fi O (34.79 ) ta’eef foormulaan impeerikaalaa isaa maal ta’a? A/ CH2O B/ C6H12O6 C/ C6H2O D/ C2H6O E/ C2H4O
    II. DEEBII GABAABAA (IBSA) FI HOJIIN AGARSIISII
  10. Wal-fakkeenyaa fi garaagarummaa foormulaawwan impeerikaalaa, molikulaaraa fi caasaa ibsi.
  11. Wal-qixxaattoon keemikaalaa tokko hiika guutuu qaba kan jennu yoo ulaagaa maal guutedha?
  12. Wal-qixxaatoon keemikaalaa tokko bitaa fi mirgaan madaalame kan jennu maal maaliinidha.
  13. Wal-qixxaatoo keemikaalaa madaaluuf tooftaalee garaagaraatu jiru. Isaan kana fakkeenyaan deegaramuun ibsi.
  14. Hanga(g) atoomii Na tokkoo shallagi
  15. Hanga molikulaarawaa Ca3(PO4)2.7H2O shallaguun qabiyyee bishaanii isaa dhibbantaan kaa’i. Otuu hangi qabatamaa kompaawundii kanaa 56.8g ta’e hammi isaa mooliin meeqa?
  16. Dhibbantaa qabiyyee oksijinii C12H22O11 keessaa shallagi
  17. Gaaliyeem oksaayidiin, GaxOy, yommuu gaaliyeemiin oksijinii waliin wal-nyaatinsa gaggeessu uumama. Mee gaaliyeemiin 1.25g ta’e oksijinii waliin wal-nyaatinsa gaggeessuun GaxOy 1.68g ta’e kenne haa jennu. Foormulaa kompaawundii kanaa murteessi
  18. Nikootiniin kompaawundii summaa’oo addunyaa kanaa keessa tokko ta’ee baala tamboo keessatti ni
    argama. Innis qabiyyeen isaa 74.0 C, 8.65 H fi 17.35 N yommuu ta’u, hanga molikulaarawaa 162.00 g/mol ta’e qaba. Foormulaa impeerikaalaa fi foormulaa molikulaarawaa isaa shallagi.
  19. Makaan CO fi H2 CH3OH 407g ta’e omishu. (a) wal-nyaattoo murteessoo adda baasi (b) wal-nyaattoon irra darboon kami? (c) yoo CH3OH giraamni 322 qofti qabatamaan kan omishamu ta’e, dhibbantaan calla meeqa ta’a?
  20. Yaalii kaarbooneetii sibiila adda hin baane tokko keessattii kaarbonetichi giraamni 1.056 ta’e ho’ifamuun oksaayidii sibiilichaa fi CO2 giraama 0.376 ta’e kenna. Maalummaa sibiilichaa adda baasi.
  21. Garaagarummaa: a) hanga atoomawaa fi hanga moolaarawaa; b) hanga foormulaa fi hanga molikulaarawaa; c) moolii fi NA ; d) dhibbantaa hangaa qabiyyee fi lakkoofsa atoomota molikuulii; e) foormulaa impeerikaalaa, foormulaa molikulaarawaa fi foormulaa caasaa
  22. Wal-qixxaatoon wal-nyaatinsa keemikaalaa tokko hiika guutuu qabaachuuf maal maal guutachuu qaba?
  23. Foormulaa molikulaarawaa kompaawundii orgaanikii elementoota kaarbonii (38.7 ), haydiroojinii(9.7 ) fi oksijinii qofa of-keessaa qabuu fi HM isaa 62.1g/mol ta’e tokkoo murteessi.
  24. Shuboon sibiila zinkii ulfinni isaa 2.00g ta’e tokko bulbula bishaanawaa silver naytireetii 2.50g of-keessaa qabu keessatti yoo bulbulame/dabalame, wal-nyaatinsa armaan gadiitu qooda fudhata.
    Zn(s) + 2AgNO3(aq)  2Ag(s) + Zn(NO3)2(aq)
    a) Wal-nyaattoo murteessaa adda baasi
    b) Wal-nyaattoo hafoo/irra darboo adda baasi
    c) Hanga (g) Ag omishamee shallagi
    d) Hamma (mol) Zn(NO3)2 omishamee shallagi
    e) Hamma (mol) wal-nyaattoo otuu hojiirra hin ooliin hafee (mol) shallagi
    f) Yoo callaan qabatamaa Zn(NO3)2 1.25g ta’e dhibbantaan callaa meeqa ta’a?

SEENSA

BOQONNAA SADDEET

  1. FALKAALEE FIIZIKAALAWAA MAATERII

Maalummaa fi amaloota maaterii ilaachisee koorsii kanaan dura baratan bu’uura gochuu irratti hundaa’ee, mata dureewwan boqonnaa kanaa qindaa’aniiru.
Mata dureewwan gurguddoon fi xixiqqoon boqonnaa kanaa, falkaalee:
• Gaasotaa
• Dhangala’oowwaniifi
• Jajjaboowwan irratti kan xiyyeeffatee dha.
Mata drueewwan gurguddoonis matadureewwan xixiqqoo amaloota waliigalaa gaasotaa, safartoota amala fiizikaalaa gaasotaa, seerota gaasii amaloota dhangala’oo fi jajjaboowwanii akkasumas adeemsota fiizikaalaa fi caasaalee jijjaboowwanii kan ilaalaniidha.
Kaayyoolee sagantaa barnoota barsiisotaa fi kaayyoo boqonnaa kanaa irratti hundaa’uun, maloota baruu barsiisuu garaagaraatti fayyadamuun barnoota qabatamaa gochuun xiyyeeffannaa qulqullina barnootaa eeguuf kenname hojiirra oolchuuf ni gargaara.
Kaayyoo Boqonnichaa
Xumuraa boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:
Amala sochii Yaad-hiddama molekulaaraa hubatu.
Amala falkaalee maateerii sadan adda baafatu.
Qabee, teempireechera, dhiibbaa fi hamma moolii wajjin hariiroo amalootni gaasii qabu baru.
Teermota walkeessa tamsa’uu, hurkuu, danfuu, kondenseeshinii, dhiibbaa hurkaa, gaasii yaadaa, qabxii danfinaa, ho’a moolaarawaa hurkaa fi kkf addeeffatu.
Kondanseeshinii, baquu, fusion, sabilimeeshinii, qabxii baqinaa, qabxii qorrinaa, ho’a moolarawaa fusion, ho’a moolaarawaa gureessuu hubatu.
Seerota gaasii adda baafatu.
Pirobleemota seerota gaasiin walqabatan furuu irratti dandeettii dagaagffatu. Yaaliiwwan ittiin qabxii danfinaa fi qabxii baqinaa mirkaneeffman geggeessu.
Yaaliiwwan jijjiirama falkaalee geggeessu.

8.1 Falkaa Gaazawaa
Wanti tokko falkaa adda addaa keessatti kan argamu ta’uun amala keemikaalaan garaa gara jechuu miti. Haa ta’u malee humna qixxe lamaan molekiyuulotaa, teempireecheraa fi dhiibbaan amala fiizkaalawaa ni murteessa. Gaasotni hidhoo kovaalentii qabataanii argamau.
Gaasotni;
 Deggartuu jireenyaati.
 Madana hamaa lubbuu dabarsan irraa nu baraaru.
 Golgituu faaltota naannooti.
Gabatee 8.1 Tempireechera dareetti wantoota falkaa gaazawaan argaman

He (hiliyeemii) HF (hayidirojiin filoraayidii) CH3CHO .asset-aldehaayidii
Ne (niyooniio) HBr (hayidirojiin biromaayidii) CFC Kiloorofiloorokaarboonii
Ar (argonii) HI (hayidirojiin ayodaayidi) HCFC haayidirofiloorokaarboonii
Kr (kiriptoon) HCl (hayidirojiin kiloraayidii) C2H4 Itileenii
Xe (zeenooni HCN (hayidirojiin siyanaayidii)x C2H2 asetileenii
Rn (raadoonii) H2S (hayidirojiin salfaayidi) C3H8 piroppeenii
H2 (haayidrojiinii) NH3 (ammooniyaa) C4H10 buteenii
N2 (nayitirojiinii) PH3 (fosfaayinii) CO Kaarbondaayoksaayidii
O2 (oksijiinii) CH4 (miteenii) CO2 Kaarbonmoksaayidii
O3 (oozoonii) C2H6 (Iteenii) NO Naayitiriik oksaayidii
F2 (filorinii) [(CH3)2O], Daayimeetaayil Iiterii N2O Naayitiras oksaayidii
Cl2 (kiloriinii) CH3Cl metaayil kilooraayidii NO2 Naayitirojiin oksaayidii
CH2O, form-aldehaayidii SO2 Salfer daayoksaayidii

8.1.1 Amaloota Walii Galaa Gaasotaa
Falkaaleen maaterii bu’uuraa gaasii, dhangala’oo fi jajjaboodha. Isaan keessaa gaasiin amaloota adda isa taasisan;
o Humna harkisa qixxelamaan molekiyuulotaa xiqqaa qaban.
o Xiqqachuu rukkinaa
o summuugamuu danda’uu
o Qaawwa qodaa keessatti argamanii guutanii argaamuu.

o Iddoo bal’aa qixxlamaan molekiyuulotaati qabaachuu. Me amala kana molekiyuulii Oksijiinii (O2) kan sadarka sadan keessatti argamu danda’u fakkeenya fudhannee haa ilaallu.
8.1.2 Dhiibbaa Gaasii fi Dhiibbaa Atimosferii
Gaasotni naannoo isaanii irrattidhiibbaa ni geessisu. Gaasotni akkaanaa kiphee olekiyuulota isaaniin dhiibbaa geggeessu. Dhiibbaan hedduu beekamaan dhiibbaa walii galatti jiraataa dachee fi hundaaa irratti geggeeffamudha. Dhiibbaan walii galaa kun dhiibbaa atimosferii ykn dhiibbaa qilleensaa jedhama. Meeeshaa baaromeetira jedhamuun safarama. Baaromeetiriin jaalqaba Fiizistii xaaliyaanii “Torriceli” jedhamuun hojjetame.
Baaromeetirriin meerkurii, dhiibbaa sirriitti safarruuf oola. Gita gaalaanaatti ulfaatinni
atimosferii hannga 760mmHg Ykn 29.9in ga’utti meerkurii ujummoo keessaan achii gad dhiiba.Ujummoo keessaan olka’iinsi meerkuurii yoo dabale hir’achuu dhiibbaa atmosferii mul’isa.

Dhiibbaann atimosferii qabattoota gurguddoo lamaan hubatama.Isaanis;
A. Olka’iinsa lafaa B. Jiidhiinsa qilleensa barmaati.
Dhiibbaa olka’iinsa lafaa
Olka’iinsi lafaa yoo dabale:
o Merkuurii olitti iddo duwwaa argamu xiqqeessa.
o Qabiyyeen qilleessaa akka yaratu taasisa.
o Baaromeetirri 760mmHg gadi akka dubbifamu godha.
Olkaiinsi lafaa yoo gabaabbate:
o Meerkuurii olitti atimosferii argamu guddisa.
o Iskeeliin Baaromeetiraa >760mmHg ol dubbisa.
Dhiibbaa Jiidhinsa qilleensaa baramaa

Naannoo mudhii lafaatti jiidhinsi qilleensa baraamaa ol’aanaaddha. Kanaafuu dhiibbaan atimosferii guddaaadha.
Naannoo gammoojjii ykn ho’aa jiidhinsi qilleensa baramaa gadi bu’a. Kanaafuu, dhiibbaan atimosferii ni hir’ata.
Yuuniitota dhiibbaa
yuuniitota dhiibbaa keessaa wwaalta’aan paasckaalii (Pa) jedhama. Hariiroon inni yuuniitota kaanii wajjin qabu akka armaan gadiitti dhi’aata.
760mmHg = 1atm =760torr = 101,325pa =14.7psi
Fkn
G1. Dhiibaa 49 torr ta’e gara yuuniitota atm,mmHg fi pa jedhamaniitti jijjiiri.
Furmaata
a) Gara atm ,
49torr/1x1atm/760mmHg = 0. 064atm Gara mmHg, 49torr/1 x 760mmHg/760mmHg= 49mmHg Gara “pa” 49torr/1 x 101325pa/760mmHg= 6500pa
8.1.3 Seerota Gaasii
Seerotni gaasii yaadaa kanneen bu’uuraa 3 dha. Isaanis;

  1. Seera gaasii Booyil(Boyle’s law)
  2. Seera gaasii chaarlesii “Charles’ Law”
  3. Seera gaasii Avogadiroo (Avogaadro’s law) dha.
    A. Seera gaasii Booyil (Boyle’s law)

P = dhiibaa gaasii, V= qabee gaasii k = dhaaabbataa Dhaabbataan haala dhiibbaa fi qabeen keessatti argamannin hin jijjiiramu. Dabaluun dhiibbaa hir’chuu qabeen hordofamee dhaabbataa jiraachisa. Teempireecherris akkuma isaa dhaabbataa ta’uu qaba.Yoo 1 ta’e ta’a. Kanaafuu,

Fkn
G1 Bakka teempireecherri dhaabbataa ta’etti 1.53L SO2 (g) dhiibbaa 1.5x103pa jala ture dhiibbaa 1.5x 104pa jala yoo gale qabeen meeqa ta’aa?
Furmaata

1.5x 103 pa x 1.53L = 1.5x 104pa x V2

V2 = 1, 5 x 103pa x 1.53L / 1.5x 104pa = 0.57L ta’a.
B) Seera gaasii chaarlesii “Charles’ Law”

Bakka dhiibbaan dhaabbataa taa’etti qabee fi teempireecherri hariiroo kallttii qabaatu. = K
= K , = K Kanaafuu, =
Fkn
G1 Dhiibbaan fi qabeen gaasii teempirechera 150C irratti argamuu walduraa boodaan 1atm 2.58L dha. Yoo tempireecherri isaa 380C ta’e qabeen meeqa ta’aa?
Furmaata
=
2.58L/288K = V2/311K
V2 = 2.58Lx 311K /288K = 2.79L
Seera gaasii Avogadiroo (Avogaadro’s law)
Haala waalta’aa ta’e keesstti qabee fi mooliiin gaasii hariiroo kallattii akka qabaatan kan ibse avogaadiroo waan tureef seera gaasii Avogadiroo jedhamee moggaafame.
= K
K = dhaabbtaa V = qabee
n = moolii gaassiidha.
T fi p dhaabbtoo ta’uu qabu.
Fkn

  1. Teempireecheraa fi dhiibbaa dhaabbataa ta’an jalatti gaasii oksijiinii (o2 (g)) 12.2L fi 0.5moolii ta’e qabna haajennu.Yoo oksijiiniin kun guutummaa guutuutti gara (o3)tti jijjiirame qabeen Ozooniin uumamuu meeqa ta’a?
    Furmaata

Kennamaan qabee oksijiinii ta’ee odoo jiruu barbaadamaan qabee oozooniidha.
3O2 2O3
= 0.5moolii O2 x 2mool O3 /3mool O2
Moolii O3 = 0.50mooliO2 x 2moolii O2/3mooliiO3
= 0.33moolii O3

= 12.2Lx 033/05moolii
= 8.1L O3
Seerotni kun sadan waliin seerota walmakaa gaasota yaadaa laatu.Haala kanaan;

  1. Seera gaasii Booyil(Boyle’s law) seera gaasii walmakaa
    P1V1 = P2V2 Ykn PV=k =
  2. Seera gaasii chaarlesii “Charles’ Law”
    2 ykn
  3. Seera gaasii Avogadiroo (Avogaadro’s law) ( dhaabbataa gaasii

isa
2 ykn waalta’aa)

Seerri gaasii yaadaaf;

Fkn

= R ykn PV = nT R

G1. Gaasiin haayidiirojiinii kan 8.56L ta’e Teempireechera 00C fi 1.5atm irra ture haayidirojiinii moolii meeqa qabata?
Furmaata PV = nRT

=
n = 0574mol H2

Seerri gaasii yaadaa hanga moolaarawaa shallaguuf ni qixaa’a.
PV = nRT
foormulaan kun foormulaawwan 22 ol bakka bu’uu danda’a. Fakkeenyaaf:-

  1. PV= nRT 2. 3. 4. 5. 6.
    1. 9.

    1. Fkn
      G1. Gaasii teempireechera 270C fi1.5atmjalatti rukkina 1.95g/cm3 qabuuf hangi moolaarawaa meeqa ta’a?
      Furmaata M = RT/P
      = 1.95g/m3 )(0.0821L.atm/K.mool)(300K) = 32.0g/mool 1.501atm
      Seera dhiibbaa gam-tokkee Daalten
      Dhiibbaan waliigallaa kan gaasota walmakaanii aargamanii ida’ama dhiibbaa tokkoo tokkoo gaasotaa dha.
      PT = PA + PB+ PC+ PD +…
      A, B,C fi D gaasota walmakaniidha.
      Seerri kun seera dhiibbaa gam-tokkee Daaltenii jedhama.
      Haalli kun dhugaa akka ta’uuf
      o To dhaabbataa ta’uu qaba.
      o Qabeen gaasota walmakanii dhaabataa fi walqixxaachuu qabu.

Wal-makaa gaasotaa fi seera Daaltenii
Fakkii 8.2 wal-makaa gaasotaaf seera Daalten
Fkn
1).25oC irratti200cm3N2 kan dhiibbaan isaa 35kpa ta’e oksijiinii 350cm3 fi 45kpa qabatee wajjin walmakuun qabee walii gala 300cm3uuman. Dhiibbaan walii galaa meeqa ta’a?
Furmaata
PT = P (N2) +P (O2)
= 35kpax200cm3/300cm3 + 45kpa+350cm3/300cm3
=23.33kpa + 52.50
=75.83kpa
2) 8g CO fi 20g CO2 bakka walmakanittidhiibbaan waligalaa 460Kpa yoo ta’e kan tokkoo tokkoo gaasota kanaa meeqa?
Furmaata

  1. Dursinee moolii tokkoo tokkoo gaasotaa barbaadna. a).nCO = 8g/ 28g b). nCO2 = 20g/44g
    = 0.29 = 0.45
  2. Reeshi’oo moolii ruqoolee makaa barbaadna. a. 0.29 + 0.45 = 0.74
    b. reeshi’oon moolii CO =0.29/0.74 = 0.39
    c. reshi’oon moolii CO2 = 0.45/0.74 = 0.61
    Ida’amni reeshi’oo moolii gaasotaa walmakanii 1.00 caaluu hin danda’u.
  3. Reeshi’oo tokkoo tokkoo gaasota dhiibbaa walii galaan baay’isuun gahe dhiibbaa tokkoo

tokkoo gaasotaa ibsuu.
a. P (CO) = 0.39 X 460mmHg
= 179.4mmHg
b. P (CO2) = 0.61 X 460mmHg
seera daaltenii fi gaasota bishaan irratti kuusuu
Dhiibaan waliigalaa bakka hurki bishaanii jirutti ida’ama gahee dhiibbaa hurkaa fi gaasii ta’a. PT =Pgaasii + Phurkaa
Qabattoota dhibbaa hurkaa murteessan keessaa inni tokko To dha.
Gabatee 8.2 Tempireechera irratti hundaa’uu dhiibbaa hurkaa

T0 0 5 10 11 12 13 14 15 16 17 18 19 20 21 22
P 4.6 6.5 9.2 9.8 10.5 11.2 12.0 12.8 13.6 14.5 15.5 16.5 17.5 18.7 19.8

T0 23 24 25 26 27 28 29 30 35 40 45 50 55
P 21.1 22.4 23.8 25.2 26.7 28.3 30.0 31.8 42.2 55.3 71.9 92.5 118.0

T0 60 65 70 75 80 85 90 95 100 105
P 149.4 187.5 233.7 289.1 355.1 433.6 525.8 633.9 760.0 906.1

Yaalii; Dhiibbaa hurka dhangala’oo xiinxaluu
Kaayyoo: Dhiibbaa hurka dhangala’oo xiinxaluu.
Meeshaa: Filaaskii Erlimeeyerii, Ujummoo-U, Kurraazii, tubbaa pilaastikii
Adeemsa raawwii:

  1. Meeshaalee hidhadhu.
  2. Bishaanicha ho’isuun qilleensa isa keessaa gara Ujummoo-Utti geggeessi
  3. Walakkaa Ujummoo- U bishaaniin guuti.
  4. Ujummoo-U Filaaskiin wal quunnamsiisiiti bishaan harka harka ujummichaa keessa jiru
    irra maal akka ga’u xiinxaali.
  5. Filaaskii ho’isi Ujummoo – U irratti maal akka ga’u xiinxali.
    Gabaasa
    Xiinxallii yaalii irratti geggeessite gabaabsii ibsi.
    Fkn
  6. T0 600C ta’e irratti 465mmHg yoo ta’e dhiibbaan gaasii fi hurkaa meeqa ta’a?
    PT =Pgaasii + Phurkaa
    465mmg = Pgaasii +149.4mmHg
    Pgaasii = (465 – 149.4) mmHg
    = 315.6 mmHg
  7. Yaalii armaan gadii irratti hundaa’iiti gaasii bishaan irratti kuufamu xiinxali.

Seera Tatamsa’uu Molikuulota Gaasii Girahaam
Molekiyuulotni Gaasotaa yeroo hundaa sochii keessatti argamu. Sochiin molekiyuulota gaasotaa kun immoo walkeessa tamsa’uu ykn immo qawwa argamu keessaan hulluuqee ba’uun hawaa keessa seenuu gaasotaa fida. Walkeesaa tamsa’uu ykn hulluuqee ba’uun gaasotaa immoo saffisa adda addaan geggeeffama. Qabattoota saffisa gaasota murteessan keessaa tokko hanga moolaarawa isaan qabaataniidha.Haala kanaan
r2 = 1/Mgaasii
r2A/ r2B =MB/MA
Hariiroon rukkinaa fi safisa giddu jirus haaluma kanaan shallagama.
re 
rA =
rB

=

Fakkeenya

rH 2 =
rO2

= = 4

Yaalii : Walkeessa tamsa’uu gaasii mirkaneessuu Kaayyoo: saffisa tamsa’ina gaasotaa murteessuu
Meeshaalee: Ujummoo qaruuraa, Korkii, jirbii fi dhaabaa ulee sibiilaa, Piippeetii
Keemikaala: NH3 fi HCl cunqoo ta’an
Adeemsa raawwii:

  1. Meshaalee hidhu.

Jirbii

Ujimmoo qaruuraa Jirbii

  1. Gamaa fi gamanaan qaawwa jummichaai jirbiin cuqqaali.
  2. Al-takkaa copha sadeet-saddeet NH3 fi HCl fudhadhu jirbichaitti coccophsi
  3. Battalumatti qadaadi.
  4. Hamma qubeelaan adii uumamutti eegi saatii itti uumamus galmeessi.
  5. Fageenya jirbii lamaanii gidduutti iddoo uumama qubeelichaa safari.
    Gabaasa
  6. Gaasii kamtu fageenya gabaabaa deeme?
  7. Saffisa sochii gaasota lamaanii waliin dorgamsiisi.
  8. Gasii katu saffisa sochii tamsa’inaan caala?
  9. Walqixxaatoo keemikaalaa bareessi gabaasa ke xumuri.
    Fkn
  10. Gaasota armaan gadii haala walcaalmaa saffisaa isaan qabaniin xiqqa gara guddaatti tarreessi.
    a.O2, CO, N2O, N2, Cl2, H2 Hangaan 32, 28, 44, 28, 71,2
    b.HCl, CO2, CO, NO2, N2O, He 36.5, 44, 28, 46, 44,4
    Saffisaan a. Cl2< N2O <O2 < CO = N2 < H2
    b. NO2 <CO2=N2O <HCl <CO <He

 Gaaffilee Shaakalaa 8.1

  1. Amaloota gaasotaa kanneen akka tamsa’ina, sumuuggamu rukkina, dhiibbaa gaasota safaruuf, safartoota fiizikaalaa (physical quantities) fi yuuniitii isaanii irratti barreeffama gabaabaa qopheessi.
  2. Dhiibbaan atimoosferii meeshaa Baaroomeetirii jedhamuun safarama kitaabota kemistirii irraa fakkii akkaataa dhiibbaan qilleensaa meeshaa kanaan itti safaramu agarsiisu kaasuun adeemsa isaa ibsi.
  3. Yuuniitootni dhiibbaa qilleensaa fi hariiroo jidduu isaanii jiru ibsi?
  4. Haala waaltawaa keessatti dhiibbaan atimosferaa 760mm Hg ti. Dhiibbaan kun yuuniitota paaskaaliivii, tooriin fi atimosferii tiin hammam ta’a? Yuuniitiin SI kami?
  5. Seera Boyil giraafiidhaan kaasuun hariiroo dhiibbaa fi qabee giraaficha irraa ibsi.
  6. Gaasiin amooniyaa moolii tokkoo tempireechera O0Cirratti, hariiroo dhiibbaa fi qabee waliin qabu ilaalchisee daataan yaalii armaan gadii hubatameera. Daataa kana irratti hundaa’uun dhaabbataa seera Booyil (K) barbaadi.
    Yaalii P(atm) V( l )
    1 0.13 172.1
    2 0.25 89.28
    3 0.30 74.35
    4 0.50 44.49
    5 0.75 29.55
    6 1.00 22.o8
  7. Iddattoon gaasii tempireechara 270c irratti qabeen 250cm3 dha. Tempireechara 350 irratti qabeen hammam ta’a (dhiibbaan dhaabbataadha)?
  8. Tempireecherri gaasii kenname tokkoo 150c irraa gara – 150c tti jijjirame. Dhiibbaan kan hin jijjiiramne yoo ta’e, gaasiin qabee jalqaba 100m1 ta’e, booda irratti hammam ta’a?
  9. Seerota Booyil fi chaarlesii irraa ka’uun seerota gaasii walmakan agaarsiisi.
  10. Haala waalta’aa keessatti gaasii qabeen isaa jalqaba 255cm3, tempireecherri 250c fi dhibbaan 85 KPa turee, hammam ta’a ?
  11. Qilleensi gommaa kankolaataa keessa jiru Tempireecheri 180c irratti dhiibbaa
    2.3 x103mmHg ta’e qaba. Konkolaatichi sochii erga jalqabee booda Tempireecherri gommaa keessaa 380c yoo ta’e, qabeen atimosferii meeqa ta’a? (V= dhaabbataa dha).
  12. Haala daaddessaa (STP) jalatti qabeen gaasota armaan gadii shallagi
    a) 12g O2 b) 22g CO2
  13. Gaasiin hangi 0.1g ta’e, teemoireechera 270c fi dhiibba 1 atm jalatti qabeen 22dm3 dha. Hangi molakiyulaaraa gaasii kanaa hammam ta’a?
  14. Seera gaasii yaadaa keessatti jijjiiramootni hariiroo isaanii ibsamu kam fa’a?
  15. Gatii dhaabbataa hundoomaa gaasii (R) kan adda addaa haala daaddeessaa keessatti shallagi.
  16. Haalota seerri gaasii yaadaa keessatti hojjatu ibsi.
  17. Barattuun tokka rukkina gaasii hin beekamnee, tempireechera 250c fi dhiibbaa
    101.325 KPa jalatti 1.34 g/l ta’uu safartee argatte. Hangi moolawaa gaasii kanaa hammam ta’a?
  18. Gaasiin N2 qabee 2000 cm3 fi dhiibbaa 35 KPa ta’e qabu gaasii Oksijiinii qabee 350 cm3 fi dhiibbaa 45KPa qabu wajjin tempireechera 250c irratti yoo walitti makamanii qabee 300 cm3 ta’e qabaatan, kan asii gadii shallagi.
    a) dhiibbaa gam- tokkee O2 fi N2
    b) dhiibbaa waliigalaa.
  19. Saffisa tamsa’ina sadhaatawaa molakiyuulii H2 fi O2 tempireechera wal fakkaatu irratti walbira qabuun ibsi.
  20. Hayidiroojiiniin qabeen isaa 50 ta’e ujummoo keessa gadi tamsa’uuf daqiiqaa
    20 fudhate. Oksijiiniin qabeen 40 haala walfakkaataa keessatti ujummoo walfakkaatu keessa gadi tamsa’uuf yeroon itti fudhatu hammam ta’a ?
  21. Gaasiin H2 fi gaasiin A, tokkon tokkoon isaanii 100 ml ta’an ujummoo urataa ta’e keessa darbuuf daqiiqaa 20 fi 30 duraa duuban yoo itti fudhate, hanga moolawaa gaasii A shallagi.
  22. Tarmootni seera gaasii yaadaa keessa hin jirre fi gaasii dhugaa akka ibsan itti dabalaman maaliif akka dabalamanii fi kam fa’a akka ta’an ibsi.
  23. Akka waliigalaatti garaagarummaa seera gaasii yaadaa fi walqixxaattoo Van der waalsii jidduu jiru ibsi .

8.2. Falkaa Dhangala’oo
Dangala’oon falkaa kondeensummaa gaasiin ykn baquu jajjaboon argamuu argamuudha. Molekiyuuliin dhangala’oo atoomota humnoota qixxelamaan molekiyuulotaan walitti hidhamaniiru.
8.2.1 Humnoota Gidduu Molekiyuulotaa
Humnootni qixxelamaan molekiyuulota gidduutti kan uumamu hidhoowwan kaan caalaa dadhaboodha. Fakkeenyaaf
Bishaan danfisuun H2O (ℓ) gara H2O (g) kan jijjiiru;
Ho’a dabaluun molekiyuulota H2O (ℓ) waliin argaman diigee H2O (g) laata. Garuu hidhoon H−O–H hin diigamne.
Humnootni qixxelamaan molekiyuulotaa kan qabattoota adda addaan jijjiiramu gosa lamaadha. Isaanis;
a) Humoota bant-lamee bant-lamee
Humni bat-lameee molekiyuulota poolaarawaa gidduutti uumama. Ciminni isaa 1% kanneen hidhoo kovaalentiin dha. Haalli inni ittiin uumamu akka armaan gadiitti dhi’aata.
+ - + -
HCl  HCl
Humna bant-lamee ‡- ‡ + ‡- ‡+ Cl  H  ClH
Humni bant-lameen addaa hidhoo haayiddirojiiniiti.Hidhoon haayidirojiinii molekiyuulota
F–H, O–H fi N–H qabatan gidduutti uumama.Humni kun humnoota qixxelamaan molekiyuulotaa keessaa bay’ee cimaa kan ta’eedha.
Qabxi danfinaa fi qabxiin baqikanaa molekiyuulota kovaalentii humna hidhoo haayidirojiinii qabanii kanneen molekiyuulota kovalentii biroo ni caalu.Fakkeenyaaf;
a) H2O 00C irratti baqa. 1000C irratti immoo ni danfa.
b) H2S – 820C irratti baqa. -600C irratti immoo ni danfa. Maddi garaa garummaaa molekiyuulota kanaa immoo humna hidhoo haayidirojiinnii dha.
b) Humna Londonii
Humni vaanderwaalsii molekiyuulota hundaa keessaatti kan uumamu ta’ee molekiyuulota mit-poolaarawaa fi gaasota adda addaa walitti hidha. Fakkeenyaaf; hidhoon

molekiyuuloata atom-lamee, gaasota luujii gidduutti argamu Humna londonii ykn vaanderr waalsiidha.

8.2.2 Amaloota Dhangala’oo
Bishaanni dhangala’oo baay’inaan argamuu fi beekamaadha. Dhangala’oon amala beekamaa 3 qaba. Isaaniis;
A) Humna dirra dhangala’oo (surface tension)
B) Ujummo keessa ol ba’uu danda’uu.
C) Falmii dyaa’insa dhangala’oo (Viskosiitii)
A) Humna dirra dhangala’oo (surface tension)
Mormiin dhangala’oo fi naannoo gidduutti geggeeeffamu humna dirra dhangala’oo jedhama. Hammi humnoota qixxelamaan molekiyuulotaa humna dirra dhangala’oo wajjin harriiroo kallattii qabaatu.
B). Ujummoo keessa ol ba’uu
Dhangala’oon fedhii malee keessa ujummoo faallaa harkisa dachee ni lola’a. Kanaaf sababni humnootalamaadha.Isaanis;

  1. Humna ko’eesiivii
    Humni ko’eesiivii – humna malekiyuulota dhangala’oo gidduutti argamuudha.
  2. Humna adihesiivii
    Humni adhesiivii humna molekiyuulota dhangala’oo fi qaama ujummichaa gidduutti geggeeffamuu dha.
    C) Viskosiitii
    Viskosiitiin diddaa lola.uu dhangala’ooti. Viskosiitiin sababa cimina humnoota qixxelamaan molekiyuulotaa uumama.

8.3 Falkaa Jajjaboo
8.3.1 Amaloota Waliigalaa Jajjaboowwanii
Qorannoon caasomaa fi amaloota wantootaan tempireechera ol’aanaa dandamachuun ho’a dabarsuu kanneen mul’isan adda baase.Isaan akkanaa jajjaboowwan biratti adda.
Jajjaboowwan;
 Hanga, qabee fi boca dhaabbatoo ni qabaatu.
 Humni qixxelamaanii fageenya gabaaba fi cimoo qabaata.
 Ruqooleen isaa( atoomotni,molekiyuulotni ykn ayoonotniiddoo dhaabbataa qabaatu.
 Hin summuugaman.
 diddaa jijjiirama bocaa fi qabee ni qabaaata.
8.3.2 Gosoota Jajjaboowwanii
Jajjaboowwan karaa garaagaraan qoodamuu danda’u; a) Bocaan b) Caasaa kirisaatlawaan-haala guutaminsa ruqoolee jajjaboo irratti hundaa’uun c) Gosa ruqoolee jajjaboon irraa ijaaramee fi gosoota hidhoo ruqoolee kanneen walitti hidhee jiruun akkasumas d) Dandeettii dabarsummaa elektiriisiitiin ta’uu danda’a.

Akkaataa dabarsummaa isaaniin:
• Dabarsoo (Conductors),Ittisoo (Insulators)
• Dabarsoo gam – tokkee (Semiconductors) ta’uu danda’u.
Falkaan jajjaboo boca irratti hundaa’uun gosoota gurguddoo lamatti qoodama, Isaanis;

Jajjaboowwan keristaalawoo fi amorfesii. Mee gabatee armaan gadii ilaali

Gabatee 8.3 garaagarummaa jajjaboowwan keristaalawoo fi amorfesii
Kiristaalawaa Amorfasii

  1. Caasaa sirnaawaa qabaata.
  2. Wallitti fufiinsa dheeraa. (Soodiyeem kiloraayidii fi kuwaartiizii)
  3. Boca qixaa’aa qabaata.
  4. Qabxii danfinaa fi baqinaa dhaabbataa qabaata.
  5. Amala of danda’e qabaata 1. Caasaaa sirna malee qabaata.
  6. Walitti fufiinsa gabaaba. (Burcuqqoo, pilaastikii). Caasaan isa dhangalaa’oo fakkaata.
  7. Jajjaboo sobaa ykn dhangala’oo dilallaa’ee jedhhama.
  8. Boca qixaa’aa hin qabaatu.
  9. Qabxii bainaa fi danfinaa dhaabbataa hinqabu.
  10. Amala of danda’aa hin qabu.
    a) Jajjaboo amorfesii
    Jajjaboon amorfasii caasaa sirnaawaa hin qabaatan. Fakkeenyaaf;
  • Burcuqqoo
  • Pilaastikii
    b) Jajjaboo kiristaalawaa
    Jajjaboon kiristaalawaan
     Baay’inaan argama
     Atoomota, molekiyuulota,ykn ayoonota laatisii uumanii sirnaan toora galan qabaata. Laatisiin Yuuniiti seelii irra deddeebiin walitti suphamaniin uumama.
     Yuuniit – seeliin fuulleffannoo (dimension) 3n walitti suphamanii kiristaala uumu
     Fufiinsa dheeraa qabaata.
    Caasaa kiristaalawaa = Fageenya laatiisii + Bu’uura

o fageenya laatisii tuqaa sirnaan qixaa’anii foormulaa herregaan toora galanii argamu.
o Atoomotaa fi garee atoomotaa walfakkattoo kallattii fi fageenyaa laatiisiin walgitan ni qabaata.

o Gareen atoomotaa bu’uura caasaa kiristaalawaa dha.
o caasaan kiristaalawaa Laatiisii kirisaatalawwaa fi bu’uurri (garee atoomotaa) irraa uumamu murteessituu amalootni jajjaboodha.

• Fakkeenyaaf
– Si, Diyamondii (C), GaAs, ZnSe caasaa walfakkataa ni qabaatu
– Si fi C (Diyamondiin) “caasaa Diyamondii” qabaatu.
– GaAs fi ZnSe “caasaa Zinc Bileendii” ni qabaatu.

Atoomotni kallattii garaa garaan toora galan amala kiristaalawaa ni murteessu.

• Qindaa’inni atoomota giraafaayitt baaqqeedha. Kan diyamondii immoo baqqanaan kaa’ameera.
Atoomotni caasaa jajjaboo tokko tokko geengoo walitti maxxanan uumu.

Caasaa kiristaalawaa NaCl
Jajjaboo Kovaalentii
Hidhoon kovaalentii Elektirooonota atoomotni walitti fidaniin uumama.
– Hidhoon kovaalentii cimaa fi kallatti qabeessa.
– Caasaan koovaalentii

Caasaa kovalentii diyamandii

Akkuma armaan olitti fakkiiwwan garaagaraan ilaalletti gosoota ruqoolee jajjaboon irraa ijaaramee fi gosoota hidhoo ruqoolee kanneen walitti hidhee jiruu irratti hundaa’uun jajjaboowwan garee 4tti qoodna. Isaanis akkaataa gabatee armaan gadiin agarsiifamaniiru Gabatee 8.4 Jajjaboowwan keristaalawoo sibiilawaa, Molikulaarawaa, Ayonawaa fi Saaphana kovalen tii
Gosa Ruqoole Ghosa hidhoo fakkeenya Uumama
fiizikaalawaa Amla
elektiriikaala q.baqinaa
Molekulaara Molekiyuulota 1) Mit poolaarawaa
Humna londonii Ar,CCl4, H2,I2,CO2 Lallaafaa Hin dabarsu Gad -bu’aa
2.Poolaarawaa
H.bant-lamee HCl, SO2 Lallaafaa Hin dabarsu Xiqqoo
3.H.h Hayidirojiinii
h.haayidirojiinii H2O (cabbii) cimaa Hin dabarsu Ol- ka’aa

  1. Ayonawaa ayonota elektirostatikii NaCl, CaF2
    ZnS MgO, Ni hukutaa’a Dabarsoo dha. Ol’aanaa
    dha.
  2. Sibiilawa Galaana e- Sibiilawaa Fe, Mg, Ag, Cu Ni battata,
    shiboo ni ta’a Dabarsoo dha. Ol’aanaa
    dha
  3. Saaphana
    Kovaalentii Atoomota Hidhoo
    Kovaalentii SiO2, SiC.
    C(diyamondii), cimoo Ittisoo Guddaa
    AlN. C
    (Giraafaayitii) Laafaa Dabarso

8.3.3. Ho’a Baqiinsaa (Heat Of Fusion)
Baqiinsa (Fusion), jijjiirama faalkaa jajjaboo gara dhangala’ootti geggeeffamuudha. Baqiinsi ho’a barbaada. Adeemsa baqiinsaa gochaa baquu (melting) wajjin hariiroo ni qabaata.Ta’u iyyuu Baqiinsi (fusion) sibiilota, laaqaa fi guroo teempireechera ol’aanaan dhaangalaasuuddha. Wantootni akka baqaniif ykn sadarkaa baqiinsaa irratti oggaa argamu ho’i barbaachisaa dha.
Jajjaboon hundinuu ho’a sadarka isaa eegeen baqanii ni dhangala’u. Qabxii qorrinaa gaditti iyyuu hedduun jajjaboo ho’a dabalamaa deemuun illee dhangala’oo ta’anii turu.

8.3.4. Jijjiirama Falkaalee (Changes Of States)

Faalkaaleen maaaterii akkamiin jijjiiramuu? Maaliifis jijjiiramuu? Jijjiramni faalkaa maateriijijjiirama;

a. Jijjiiram annisaa

  • Gaaluu annisaa ykn
  • Ba’uu annisaa
    b. Jijjiirama fiizikaalawaa
    c. Jijjiirama booda deebi’aa
    d. Jijjiiraama keemikaalaa irratti kan hin hudoofneedha.

Jijjiiramni faalkaalee jijjirama baqiinsaa, qorruu, sabilimeeshinii, dipposiishinii Kondenseshinii fi hurka dabalata.

8.3.5. Fez-diyagiraamii
Leenjifamtootaa! Kutaa kana jalattii gaaffiiwwan armaan gadiif xiyyeefannoo kennaati hubannoo keessan dagaagfadha.

Feeziin naannoo sir’ataa kana mala keemikaalaa fi fiizikaalaa beekamaa qabatee daangaa adda ta’ee adda ba’ee argamuudha. Faalkaaleen maaterii haala feezotni garaa garaa

keessa tti argamaniidha.Issanis lafa kana irratti jajjaboo, dhangala’oo figaazii dha. Faalkaan maaterii tokko feezota garaa garaa ni qabaata.fakkeenyaaf;qaruuraan altakkaa gaazoliinii fi bishaan qabatee argamuu danda’a. Lamaanuu dhangala’oo feezii adda addaa keessatti argamaniidha.Falkaan jajjaboos akkasuma. Garuu faalkaan gaazii kanaan morma. Feesiin haala mdaalinsa garaa garaa keesssatti argama. Yoo ruqooleen feesii hedduu sirna hinjijjiramne keessatti kan argamaan ta’an feeziin walmadaalaadha jedhama.Bishaaniif iddoon itti walmaadaalu tuqaa sadeessituu(Triple point)dha.Fakkoo armaan gadii ilaali.

GILGAALOTA BOQONNICHAA

I. KAN BAAYYEE WALITTI DHIYAATUUN WALITTI FIROOMSI

A B

  1. Adeemsa Ho’a xuuxu A/ Wal-nyaatinsa keemikaalaa F/ Viskoosiitii
  2. Humna Van der Waals B/ Humna ayon-ban-lamee G/ Hidhoo Haydiroojinii
  3. Amala dhangala’oo C/ Jijjiirama falkaalee H/ Diilalleessuu
  4. Adeemsa fiizikaalaa D/ Sabilimeessuu
  5. Feez-diyagiraamii H2O E/ Dhundhula negaatiivii qaba
    II. GAAFFILEE ARMAAN GADIITIIF DEEBII BAAYYEE SIRRII TA’E FILADHU
  6. Humnoota armaan gadii keessaa kamtu caalaatti cimaadha?
    A/ Humna London B/ Humna bant-lamee-bant-lamee C/ Hidhoo kovalentii D/ Hidhoo haydiroojinii E/ Humna ayon-bant-lamee
  7. Wantoota armaan gadii keessaa tokko tempireechera dareetti dhangala’oodha. A/ CO2 B/ H2O C/NaCl D/ CH4 E/ N2
  8. Yoo qabeen gaasii tempireecherri jalqabaa isaa 210c ta’e tokko harka lamaan dabale tempireecherri xumuraa isaa meeqa ta’a?
    A/ 3150C B/ 420C C/ 10.50C D/ -1260C
  9. Rukkina oksijinii haala 0oC fi 1atm irratti meeqa ta’a? (HM O2 = 32g/mol) A/ 1.96g/L B/ 0.18g/L C/ 1.2g/L D/1.43g/L
  10. Gaasota armaan gadii keessaa haala wal-fakkaatu keessatti kamtu fageenya dheera huffisa? A/ H2 B/ He C/ N2 D/ O2
  11. Seerota gaasii yaadaa keessatti hariiroo kamtu sirrii miti?

A/ V1
V2

 T1 T2

B/ P2 P1

 T1 T2

C/ V1 V2

 P2 P1

D/ P1V1 P2V2

 T1 T2

  1. Humnoota armaan gadii keessaa kamtu humna gidduu molikuulii miti?
    A/ Bant-lamee-bant-lamee B/ Hidhoo kovalentii C/ Hidhoo haydiroojinii D/ Ayon-bant-lamee
  2. Gaasotni amala gaasii yaadaa irra caalaatti kan agarsiisan haala akkamii irratti dha? A/ Temp. olaanaa fi dhiibbaa olaanaa
    B/ “ gadaaanaa fi “ gadaanaa

C/ “ “ fi “ olaanaa
D/ “ olaanaa fi “ gadaanaa

  1. Kanneen armaan gadii keessaa adeemsa kamtu eksootermikii dha?
    A/ Baqsuu B/ Hurkisiisuu C/ Sabilimeessuu D/ Dilalleessuu
  2. Taatewwan armaan gadii keessaa tokko hurkuu dhangala’oo irratti dhiibbaa hin qabu?
    A/ Tempireechera B/ Ho’a hurkisiisuu C/ Cimina humnoota molikuulota gidduuwwanii D/ Ballina dirraa
  3. Micireewwan armaan gadii keessaa kamtu keristaala molikulaarawaatiif fakkeenya ta’a? A/ Shukkaara B/ Giraafaayitii C/ Ashaboo Jibsen D/ Soodiyeemii
  4. Gatiin dhaab-giteessa gaasii yaadaa (R) yunitii SI tiin meeqa ta’a?
    A/ 8.314 B/ 0.082 C/ 62.36 D/ 1.987 E/ 0.06236
  5. Hariiroo armaan gadii keessaa kamtu sirrii miti?
    A/ 1atm  1bar B/ 1kpa = 1N/m2 C/ 1torr = 1mmHg D/ 1pa = 1kg/m.s2 E/ 1atm = 760mmHg
  6. Tempireecherri xumuraa yoo gaasiin jalqaba 210C irratti argamu tokko qabeen isaa harka lamaan dabalee meeqa ta’a? A/ 3150C B/ 420C C/ 10.50C D/ -1260C E/ 5880C
  7. Yaalii wal-nyaatinsa armaan gadii yaada keessa galchuun yoo sirnichi N2H4 180g of-keessaa qabaate qabeen(L) oksijinii olaanaan dhiibbaa 750mmHg fi tempireechera 210C irratti safaramuun argamee meeqa ta’a ?
    N2H4(s) + O2(g)  2H2O(g) + N2(g)

A/ 5.60 B/ 70 C/ 137.4 D/ 9.64 E/ 22.414

  1. Yoo haalooiteeniin (C2HBrClF3) 15.0g gaasii oksijinii (O2) 23.5g waliin tempireechera 210C irratti taankerii 5.0L keessatti wal-make PT, Phi fi PO2 (mmHg) wal-duraa duubaan:
    A/ 3010, 283, 2730 B/ 3.962, 0.372, 3.590 C/ 3.962, 3.590, 0.372 D/ 3010, 2730, 283 E/D.H.K
  2. Iddattoon miteenii qulqulluu, CH4, qaawwa ta’e keessa hulluuquuf yeroo n itti fudhate 1.50min dha. Haala tokicha irratti yeroon gaasii lakkoofsa molikuulotaa kan miteenii waliin wal-qixa qabuu qaawwa keessa ba’uuf itti fudhatee 4.73min yoo ta’e Mgas(g/mol) shallagi. A/ 16 B/ 32 C/ 159.10 D/ 2.01
    E/ 169.50
  3. Gaasota armaan gadii keessaa haala wal-fakkaatu keessatti kamtu fageenya dheera huffisa? A/ H2 B/ He C/ Ar D/ O2 E/ N2
  4. Seerota gaasii yaadaa keessatti hariiroo kamtu sirrii miti?

A/ V1
V2

 T1 T2

B/ P2 P1

 T1 T2

C/ V1 V2

 P2 T1

D/ P1V1 P2V2

 T1 T2

E/ Hundaa

  1. Amalli gaasii yaadaa akka maquuf sababa kan hin taane kami?
    A/ Dabaluu dhiibbaa B/ Dabaluu tempireecheraa C/ Qabee murtaa’aa molikuulotaa gaasiin qabamee D/ Humnoota wal-harkisaa molikuulota gaasii gidduu jiruu E/ D.H.K
  2. Humnoota armaan gaditti tuqaman keessaa kamtu caalaatti cimaa dha?
    A/ Bant-lamee-bant-lamee B/ Hidhoo kovalentii C/ Hidhoo haydiroojinii D/ Ayon-bant-lamee E/ D.H.K
  3. Ta’iin bishaan burcuqqoo keessa ol-ba’uu:
    A/ Humna koheesiivii > Humna adiheesiivii C/ Gochaa Kappilaarii D/ Falmii dirraa E/ Humna falmii yaa’insa bishaanii
  4. Cabbii gogaan: A/ H2O B/ CO2 C/ H2S D/ H2CO3 E/ Na2CO3
  5. Bishaan qulqulluun tulluu/gaara Diimtuu irratti tempireechera meeqa irratti danfa? A/ 1000C B/ 1000c olitti C/ 1000C gaditti D/ 00C E/ D.H.K
  6. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu T0 250C irratti dhiibbaa hurkaa olaanaa qaba? A/ Gaasii B/ Bishaan C/ Dhangala’oo D/ Jajjaboo E/ Merkurii
  7. Ruqooleen keristaalli saaphana kovalentii irraa ijaaramee:
    A/ Elektiroonota B/ Atoomota C/ Ayonoota D/ Molikuulota E/ Kompaawundoota
  8. Micireewwan armaan gadii keessaa kamtu keristaala molikulaarawaatiif fakkeenya ta’a?
    A/ Kuwartizii (SiO2) B/ Giraafaayitii C/ Shukkaara D/ Ashaboo Jibsen E/ Ashaboo nyaataa
  9. Jajjaboo ilaalchisee kamtu dhugaa dha?
    A/ Jajjaboowwan amorfesii tempireechera murtaa’aa irratti baqan qabu
    B/ Guutaminsi kuubaawoo kal-sadee fuul-wiirtuu kanneen hafan caalaa rukkina gadaanaa qaba C/ Guutaminsi caasaa ABAB… fi ABCABC… lakkoofsa hidhataa wal-qixa qabu
    D/ Humni keristaala jajjaboo sibiilota keessaa hidhoo ayonawaati
    E/ Lakk hidhataa keeristaala ayonawaa hamma chaarjii ayonootaa irratti qofa hundaa’a
  10. Amaloota falkaalee maaterii ilaalchisee kamtu soba dha?
    A/ Gaasii fi dhangala’oon salphaatti yommuu yaa’an jajjaboon garuu hin yaa’u B/ Molikuulotni gaasii falkaalee hunda caalaa dhiibbaa laafaa gaggeessu
    C/ Humnootni molikuulota gidduu gaasotaa kanneen kaanii gadi dha
    D/ Amalootni falkaalee maaterii hunduu humnoota ruqoolee walitti hidhan irratti hundaa’u E/ D.H.K
  11. Atimoosferii keessa qilleensi 1mol oksijinii fi 3mol naytiroojinii yoo ta’ee fi dhiibbaan qilleensaa 2atm yoo ta’e, dhiibbaan gam-tokkee
    oksijinii: A/ 2 atm B/ 1.5 atm C/ 1520 mmHg D/ 8 atm E/ 0.5 atm
  12. Iddattoon gaasii tokkoo dirra bishaanii irratti yommuu kuufamu dhiibbaan atimoosferii 757mmHg yoo ta’ee fi dhiibbaan hurka bishaanii temp. kenname irratti 17mmHg yoo ta’e dhiibbaan gam-tokkee gaasichaa:
  13. Ruqooleen keristaalli saaphana kovalentii irraa ijaaramee:
    A/ Elektiroonota B/ Atoomota C/ Ayonoota D/ Molikuulota
    III. GAAFFILEE ARMAAN GADII HOJIIN AGARSIISUUN DEEBII SIRRII KENNI
  14. Atimoosferii keessa qilleensi 1mol oksijinii fi 3mol naytiroojinii yoo ta’ee fi dhiibbaan qilleensaa 2atm yoo ta’e;
    (a) Dhiibbaa gam-tokkee oksijinii shallagi
    (b) Dhiibbaa gam-tokkee naytiroojinii shallagi
  15. Iddattoon gaasii tokkoo dirra bishaanii irratti yommuu kuufamu dhiibbaan atimoosferii 757mmHg yoo ta’ee fi dhiibbaan hurka bishaanii temp. Kenname irratti 17mmHg yoo ta’e dhiibbaa gam-tokkee gaasichaa shallagi.

Kitaabilee Wabii

  1. Ebbing D.D., 1998, General Chemistry, Houghton Mifflin Company, USA
  2. Brady E. and Humsiston E.,1982, General Chemistry, John Wiley and Sons, Inc. USA
  3. Masterton W.L and H.Jurely C.N, Chistry: Principles and Reactions
  4. Atikins P.W., 1984, Chemistry: Structure and Dynamics, McGraraw Hill Inc. USA
  5. Silberberg, M.S., 2000. The Molecular Nature of Matter and Change, 2nd Ed. McGraw Hill Companies, Inc. USA
  6. J.D.Lee, 1977, A New Concise Inorganic Chemistry, 3rd ed. (better)ELBS
  7. H.J. Emeleus and A.G. Sharpe, 1973 Modern Aspects of Inorganic Chemistry, Universal Book Stall, New Delhi, 4th ed.
  8. G.F.Liptrot, 1983, Modern Inorganic Chemistry, 4th ed. Collins Education.
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.