General Biology III – Biol 323

Maqaakoorsii:     Baayoloojii Waliigala III

Kooddiikoorsii:    Biol. 323

Kiredithaawarii:     3

Kontaaktihaawarii:   6 (fuulaafuulattisa’a 3 fi Laaboraatooriisa’a 3)

Koorsiidureenbarbaachisu:  Biol. 221 fi Biol.222

Barattootabarachuuqaban:Barattoota dippiloomaa saayinsii walsimaataa kutaa 5 fi 6 Barsiisufleenji’an

        BOQONNAA 1

1.       MAAYIKIROORGAANISIMII

Seensa

Maaykiroo-orgaanizimoonni orgaanizimoota xixiqqoo ijaa qullaan hin mul’anne ta’anii kanneen maayikrooskoppiin mul’ataniidha. Maayikiroorgaanizimoonni heedduu yoo ta’an illee, boqonnaa kana keessatti waa’ee baakteeriyaa ilaalla.  Caasaa seelii baakteeriiyaa fi haala ramaddii saanii irratti xiyyeefanna. Akkasumaas faayidaa baakteeriyaan sirnakkoo fi industirii keessatti qabu gadi fageeny ilaala.

 Kaayyoo Boqoonichaa

Xumura boqonnaa kanatti leenjifamtoonni:

  • Maalummaa maayikroo-orgaanizimootaa ni addeessu.
  • Caasaa seelii baakteeriyaa fi ramaddii isaanii ni ibsu
  • Faayidaa fi midhaa baakteeriyaan sirnakkoo keessatti qabu adda ni bafaatu.

Jechi Maayikiroorgaanisimii kan afaan Greek “maayikiroos” fi “orgaanizmos” kan jedhu irraa dhufe. “Maaykiroos” jechuun xiqqoo jechuu yommuu ta’u “orgaanismoos” jechuun immoo orgaanizimii jechuu dha. Kanaafuu, maayikiroorgaanizimootni orgaanizimoota seel qeenxee yookiin seel hedduu ta’anii ija qullaan kan hin mul’anne garuu meeshaa guddisee mul’isu maaykirooskooppiin mul’achuu danda’an dha. Dameen baayoloojii waa’ee maayikiro-orgaanizimii qoratu maaykiroobaayoloojii jedhama. Maaykiroorgaanizimootni baakteeriyaa, pirootoozo’aa, fangasii muraasa, saaphaphuu muraasaa fi fangasoota muraasa (Raacatii).  Boqonnaa kana keessati bal’inaan waa’ee baakteeriyaa fi vaayireesii ilaalla.

1.1.            Baakteeriyaa

KaadhimamtootaBarsiisotaa! Baakteriyaan maalii? Ijaa uumamaan ni mul’ataa? Caasaalee ala fi caasaalee keessaa baakteeriyaa eenyu fa’i? Baakteeriyoonni soorata mataa isaanii ni qopheeffatuu?  Mee gareen irratti mar’adhaa?

Baakteeriyaan orgaaniziimii seelii tokko qofa irraa kan ijaaraman dha. Baakteriyaan ija uumamaan mul’achuu hin dandeessu yoo maayikirooskooppiin ta’e malee. Baakteeriyaan seelii pirookaaryootaa dha. Seeliin pirookaaryootaa caasaa alaa:  siqixa, piilii, kaapsuulii, uwwisa seelii: cichaa seelii fi membereenii seelii fi caasaa keessaa: raayiboosoomii, dhangala’oo saayitoopilaazimii, niwukilootaayidii/kiroomoozoomii fi kkf qaba. Seeliin baakteeriyaa, seeloota kan biroo irra hamman baayyee xiqqadha.

Gocha

Barattoota mee dalagaa caasaalee alaa baakteeriyaa kitaabilee wabii adda addaa dubbisuun tarreessa.

Fakkii 1.1: Caasaa seelii baakteeriyaa waliigalaa

Seeliin baakteeriyaa pirookaariyoota yeroo ta’u, baay’inni seelii isaa tokko qofa. Kanaafuu, baakteeriyaan orgaanizimii seel-qeenxeedha jedhama. Baakteeriyaan niwukilaasii hin qindoomne fi memberenii niwukilarii hin qaban. Kana jechuun kiromoozomiin baakteriyaa saayitoopilaazimii keessatti faffaca’anii argamu jechuudha. Baakteeriyaan kutaalee seelii laayisoosomii, dhaqna goljii fi maayitookondoriyaa hin qaban.Baakteeriyaan hundi cichaa seelii, membireenii seelii, saayitopilaasmii, wantoota jenetikaa (DNA fi RNA) fi raayiboosomii qabu. Gosoota baakteeriyaa keessaa gariin isaanii silqixa tokko ykn tokkoo ol qabu. Gariin immoo silqixa gonkumaa hin qaban. Baakteeriyaan sil-qixa qabaan, sil-qixin isaanii caasaalee sadii qaba. Isaanis: qaama baasaalii, hokkoo fi filaamentii dha.

Gocha

Faayidaa qaama baasaalii, hokkoo fi filaamentiin qabu gareen irratti mari’adha?

Fakkii 1.1: Sil-qixa baakteeriyaa

  1. Caasaa Seelii Pirookariyoota

Gocha!  Seeliin Pirookariyoota maali? Iyukaariyootoonni yoo? Mee gareen irratti mari’adha.

Seelonni pirookaariyootaa fi iyukaariyootaa jedhaman jiraachuu fi jiraachuu dhabuu mambereenii DNA wajjin kan wal qabate dha. Pirookaariyoota keessatti DNA membereenii niwukilaariidhaan kan hin haguugamnee fi bilisaan saayitoopilaasmaa keessatti kan argamu dha. Kanaafuu, seelonni kun niwukilasii dhugaa hin qabani jechuu dha.

 Fkn:- bakteeriyaa fi saaphaphuu cuqulmagariisa.

Walumaagalatti, seelonni pirookaariyootaa:

  • Seelota akkasii keessatti DNAn niwukilsii keessatti kan argamu osoo hin taane bilisaan saayitoopilaazimii keessatti argama.
  • DNAn isaanii boca geengawaa qaba.
  • Seelii yeroo jalqabaatiif lafa irratti uumame dha.
  • Niwukilsii dhugaa hin qaban,
  • Orgaaneloota membireeniin haguugaman hin qaban
  • Walnyaatinsi keemikaalaa hundi gubama soorataa dabalatee seeyitoopilaazimii keessatti geggeeffama.
  • Raayiboosoomii abbaa yuunitii 70s qabu
  • Naayitiroojiinii fiiksessuu danda’u
    • Boca Baakteeriyaa

Gocha!

Baakteeriyaan hundi boca walfakkataa ta’e qabu ? Mee gareen irratti mari’adha.

Boca isaanii irratti bu’uureffamudhaan baakteeriyaan gosa sadiitti qoodamu: Isaanis:

  1. Boca geengoo (Kokasii)

Baakteeriyaa boca geengoo ykn boca naannawaa qabanidha.

Fkn: Diiplookookasii, Stiriptokokasii, Staafilookokasii

  Fakkii 1.2: Baakteriyaa boca geengoo qaban

  • Boca ulee (Rod shape) ykn siiqqee fakkaatu Kan qaban.

Fkn:  Baasilasii, sterptobasilayii

 Fakkii 1.3: Baakteriyaa boca ulee qaban

  • Boca marmee (Ispiiraalii)

Bocni isaanii maramaa dha

Fakkii 1.4: Baakteriyaa boca marmee qaban

  1. Ramaddii Baakteeriyaa

Beektoonni waa’ee baakteeriyaa qu’atan baakteerolijiistoota jedhamu. Baakteeroloojistonni gadi-fageenyan waa’ee baakteeriyaa beekuf bakka adda addaatti ramaduun qu’atu. Amaloota adda addaa isaan qaban irratti hunda’un  baakteeriyaa gosoota garaagaratti ramadu. Kanneen keessa tokko halleessa Giraamiiti.

Halleessuun Giraamii gosa halleessuu gosoota baakteeriyaa addaan haasuuf tajaajiluu yoo ta’u qabiyyee cichaa seelii baakiteeriyaa iratti hundaa’uun baakiteeriyaa giraam-posativii fi giraam negativii addaan baasuuf kan gargaaruudha.

Giraam posativii baakteeriyaan maali? Giraam negativiin yoo? Mee gareen irratti mari’adha? Halleessuun giraamii yaalii karaa baakteeriyaan itti ramadamu ta’e, tooftaa hayyuun “ Hans Christian Gram” bara 1884 baseedha. Maayikiroobaayoloojii keessatti halleessuun Giraamii baay’inaan kan gaggeeffamudha. Malli kunis baakiteeriyaa giraam negaatiivii fi poosatiiviitti addaan baasuuf baay’ee kan gargaaruudha. Dabalataan boca baacteeriyaa adda addaa  adeemsa halleessuun kanaan adda baasuun ni danda’ama. Garaagarummaa giraam negaatiivii fi giraam poosatiivii gabatee 1.1 irraa ilaaluun ni danda’ama.

Kaadhimamtootaa barsiisotaa!Mana yaalii keessatti adeemsa halleessuu giraam erga daawwattanii booda baakteeriyaa giraam negaatiivii fi giram posatiiviitti qooduu ni dandeessa. Kara salphaa ta’een baakteeriyaa giraam negaatiivii fi poosatiiviitti qooduuf bulbula KOH tti fayyadamuu ni dandeessa.

Mee akkamiin bulbula KOH fayyadamuun baakteeriyaa giraam negaatiivii fi giraam poosatiiviitti akka qoodamu kitaabilee wabii dubbisaati adda baasaa.

Gabatee 1. Garaagarummaa giraam negaatiivii fi graam poosatiivii

Giraam PoosatiiviiGiraam Negaatiivii
Cichaan seelii baakteeriyaa Giraam posativiiti ta’an halluu Kiristaal vaayoleetii jedhamu ofirratti  qabatanii hambisu Kun immoo yabbina cichaa seelii isaanii agarsiisa.Cichaan seelii seelii baakteeriyaa Giraam negativii dandeettii halluu kirsitaal vaayoleetii ofirratti hambisuu hin danda’an Kun immoo haphina cichaa seelii isaanii agarsiisa.
Membereenii alaa liippoopooliisakaraayidii hinqabanMembereenii alaa liippoopooliisakaraayidii qabu
Cichaan seelii furdaa  dhaCichaan seelii haphii dha
Cichaan seelii isaanii teekooyiki asiidii qabaCichaan seelii isaanii teekooyiki asiidii hin qabu
Cichaan seelii isaanii 70-80% peeptidogilayikanii (muureenii) irraa ijaarameCichaan seelii isaanii 10-20% peeptidogilayikanii (muureenii) irraa ijaarame
Membireeniin alaa hin qaban.kanaafuu, indootoksiinii hin  maddisiisanMembireeniin alaa qabu kanaafuu, indootoksiinii maddisiisu. Kun immoo seeliin baakteeriyaa antibaayootikiin akka hin midhamnee ittisa.
Baakteeriyaan dhukkuba fidan muraasni as jalatti ramadamuBaakteeriyaan dhukkuba fidan hedduun as jalatti ramadamu
Fakkeenya:Baasileesii, kiloosteriidiyeemii, maayikoobaakteeriyeemii fi kkfFakkeenya: Salmoonellaa, shiigellaa, tiriipaanoomaa fi kkf

Fakkii 1.5 Garee baakteeriyaa Giraam-pozativii fi Giraam- negativii

Baakteeriyaan iddoo argama sil-qixaa fi baayina sil-qixaa irratti hundaa’uun bakka adda addaatti qoodamu. Isaaniis:

  1. Monootiriichiyasii – sil-qixa tokko qofa qabu
  2. Loofootiriichiyasii – sil-qixa hedduu iddoo tokko irraa qabu
  3. Amfiitiriichiyasii – sil-qixa qaama faallaa walii ta’e irraa qabu
  4. Periitiriichiyasii – sil-qixa qaama hundarraa qabu

Fakkii 1.6.Iddoo argama sil-qixa baakteeriyaa irraa

Gocha!

Baakteeriyaan eessatti argamaa?Mee gareen irratti mari’adha?Baakteeriyaan sirnakkoo hunda keessa jiraachuu ni danda’a. Qiilleensa, bishaan, ho’a cimaa hanga tempireechara 100 oC“hotspring” , biyyee keessa, qaama lubbu qabeeyyii keessa fi ala, fi naannoo  kkf keessa jiraachu ni danda’u.

Gocha!

Faayida baakteeriyaan sirnakkoo keessatti qabu tarreessi!

Baakteeriyaan jireenya guyyaa guyyaa ilma namaa wajjin kallattiinis ta’e alkallattin qunnamtii fi hidhata heddu qabu. Baakteeriyaan jireenya keenya keessatti bu’aa ni kennu, miidhaas ni qabu. Barbaachisummaan baakteriyaa:

  • Dhukkubootaf sababa ta’u.
  • Industirii keessatti.
  • Marsaa elementoota kanneen akka naayitiroojiinii, salfaarii fi kaarboonii
  • Madaala uumamaa eeguuf.
  •  Gabbina biyyee ida’uuf:
  • Aannan itichuuf: Fakkeenyaaf:  Baakteeriyaa laaktiki asiidii.
  • Dawaa (qorcha) adda addaa tolchuuf: Baakteeriyaan baay’en keessattuu gartuun Aktinoomyiseetii warshaa qorichaa keessatti antiibaayootikii qopheessuu keessatti dhimma irra oolu. Antiibaayootikiin daawaa (qoricha) baakteeriyaa ajjeesan ta’anii kanneen baakteeriyaa fi fangasiin qophaa’anidha. 

1.2.2. Baakteeriyaa fi Dhukkuboota

Gocha!

Gaheen baakteeriyan dhukkuboota daddarboo keessatti qabu maali? Mee gareen irratti mari’adha.

Akka tiwooriin “Louis Pasteur” ibsutti, sababoonni dhukkuboota daddarboo muraasni garee maayikiroo-orgaaniziimoota adda addaati. “Pasteur” yaaliiwwa gaggeesse keessatti maayikiroo-orgaanizimooni qilleensa keessa jiratan dhugaati “Wine” jedhamu akka dhangagaa’u taasiisu.Bara 1880 keessa “Robert Koch” maayikiro-orgaanizimoota dhukkuba somba (TB) fi koleeraf sababa ta’an adda basee ture.

Tiwooriin maayikiroo-orgaanizimoonni sababa dhukkubootaati jedhu ”Germ theory” jedhamun beekama. Oraganizimoonni sababa dhukuboota daddarboo ta’an immoo patoojinoota jedhamu.Oragaanizimoonni kanneen akka baakteeriyaa, vaayireesii, fangasii fi prootozo’a sababoota dhukkuboota adda addaati.

Baakteeriyaan akkuma faayidaa hedduu qabutti,  miidhaan isaan qabanis salphaa miti. Fakkeenya: Dhukkuboota kanneen akka dhukkuba sombaa, dhukkuba golfaa, dhukkuba qurcii, koleeraa, fanxoo fi cophxoo kan nutti fidu illee baakteeriyadha.

Gocha !

1. Dhukkuboota armaan olii kitaaba adda addaa dubbisuun baakteeriyoota ka’umsa isaanif sababa ta’an barreessuun garee kee fi barsiisa keef gabaasi.

2. Faayida baakteeriyaan warshaa nyaataa, warshaa dhugaatii fi qonnaa keessatti qabu mana kitabaa deemiti kitaaba adda addaa dubbisuun daree fi barsiisa keef gabaasi.

1.2.3. Ga’ee Baakteeriyaan Industirii keessatti Qabu

Baakteeriyaa fi gareen maayikiroo-orgaanizimoonni biroo waggoota kumaatamaaf industirii keessatti faayida adda addaaf oolaa turan.

  • Warshaalee daabboo,
  • dhugaatii alkoolii,
  • aannanii
  • Oomishaa saamunaa
  • Warshaa Gogaa
  • Oomisha Qorichaa
  • Baayoo gaasii.
  • Akkasumaas balfaa qulqulleessuu (sewage treatment)   keessatti shora guddaa qabu

BOQONNAA LAMA

Ikooloojii

Seensa

Naannoon keenya wantoota lubbu qabeeyyii (biotic) fi lubbu maleeyyii (abiotic) kan of keessatti qabate dha. Kanaafuu qo’annoon ikolojikaalaa kofa adda addaa lama irraan ilaalama: inni tokko karaa lubbu qabeeyyotaa kan akka uummataa fi hawaasaa fi karaa naannoo lubbu maleeyyii . Gabaabumatti, naannoon lubbuu qabeeyyii fi maleeyyii kan of keessaa qabu dha. Ruqooleen naannoo kunniin hariiroo kan waliin qabanii fi walirratti hirkatani dha. Akkasumas yaa’a anniisaa, baayoomee, baayoodaayiversiitii ni ilaaltu. Barattoota, boqonnaa kana keessatti yaad rimeewwan kanaa fi kanaan wal-qabatan ni barattu.

Kaayyoolee

Barattoonni erga boqonnaa kana erga xumuuranii

  • Hiika ikolojii fi jechoota ijoo ikolojii keessatti gargaaramnu ni himu
  • Maalummaa naannoo ni himu
  • Qabattoota naannoo fiizikaalawaa ni ibsu
  • Qabattoota naannoo baayolojikaalawaa ni ibsu
  • Maalummaa daddarbaa ni himu
  • Marsaa albuudota barbaachisoo ta’an adda addaa ni ibsu
  • Yaa’a anniisaa sirnakkoo keessaa ni addeessu
  • Maalummaa baayoomee ni ibsu
  • Wantoota Baayoodayivarsiitii irratti miidhaa geessisan ni himu
  • Uummata jechuun maal akka ta’e ni addeessu
  • Taateewwan guddina uummataa murteessan ni tarreessu
  • Garaagarumma dorgommii sanyii keessaa fi dorgommii sanyii gidduu ni ibsu

2.1. Ikolojii

Jechi ikolojii jedhu kan argame jechoota afaan Girikii lama irraa yoo ta’u isaanis: Oyikos (oikos) jechuun mana (house) yookaan bakka jireenyaa (place to live) fi logos (logos) qo’annaa (study) kan jedhamanii dha. Kanaafuu ikolojii jechuun qo’annoo hariiroo orgaanizimoonni waliinii fi ruqoolee naannoo isaanii hundaa waliinii jechuu dha.

2.1.1. Dameelee Ikolojii

Ikolojii dameelee adda addaatti qoqqooduuf karaa adda addaa itti dhihaachuun ni danda’ama. Karaaleen beekamoo ta’an

I. Qoodaminsa taaksonoomii irratti hundaa’e

  Yeroo duraa qo’attoonni biqilootaa fi bineeldotaa adda of baasuun qo’annoo biqilootaa fi bineeldotaa jedhu turani. Kun immoo qoodaminsa ikolojii biqilootaa fi ikolojii bineeldotaa jedhutti nama geessa. Tokko tokko isaanii keessatti qoqqoodaminsi xixiqqaa ni jiraata

  • ikolojii biqilaa
    • ikolojii ilbiisaa
    • ikolojii allaattotaa
    • ikolojii baakteeriyaa
    • kkf

Haa ta’u malee ikolojistoonni ammayyaa pirinsippiliin qo’annaa biqilootaa fi bineeldotaa haalaan wal-fakkaata. Kanaafuu gareen orgaanizimootaa kun lamaan kan addaan hin baanee fi walitti hidhatanii dha. Kanaaf, jechi ikolojii jedhu hariiroo fi walitti hidhamiinsa lubbu qabeeyyota hundaa naannoo isaanii waliin kan hammatu dha.

II. Qoodaminsa bidoollee irratti hundaa’e

Bidoollee gosa adda addaatu jiru. Isaanis: bishaan haaraa (freshwater), bishaan soogiddaawaa( marine), lafa margaa, bosona, lafa ho’aa fi kkf. Isaan kunis kan qo’ataman hariiroo isaan orgaanizimoota achitti argaman waliin qaban irraa ka’uuni.

III. Qoodaminsa sadarkaa gurmaa’inaa irratti hundaa’e

Qoodaminsa kana irratti orgaanizimiin dhuunfaa ykn gareen orgaanizimootaa ni qo’atamu. Akkaataa kanaan dameen ikolojii awutikolojii (autecology) fi siinikolojii (synecology) jedhamuun qoodama.    

  • Garaagarummaan awutikolojii fi siinikolojii maal?

Awutikolojii: ikolojii dhuunfaa jedhamuun beekama. Awutikolojiin hariiroo sanyiin tokko naannoo waliin qabu qo’ata. Kanaaf, yeroo kenname tokkotti, xiyeeffannaan barbaachisummaa fi deebii sanyiin orgaanizimii tokkoo waliinii fi dhibbaa naannoon isaanii isaan irratti qabu dha. Awutikolojii keessatti, sanyiin tokko yuunitii qo’annaa fi kana keessatti, facaatii, moorfolojii argama taaksonoomii fi marsaan jireenyaa qabattoota ikolojikaalaa dhiibbaa irraan gahan waliin ni qo’atana.

 Siinikolojii:Haala uumamaa keessatti, orgaanizimoonni- biqiloonni, bineeldonni, maayikiroobonnii fi kkf akka garee uumamaa kallattii adda addaan dhiibbaa walirraan gahaa waliin jiraatu. Yeroo gareen orgaanizimootaa qo’atamu kan orgaanizimii tokkoo caala haala wal xaxaa ta’a. Gareen orgaanizimoota adda addaa ammo hawaasa uumu.

2.2. Naannoo

? Jechi naannoo jedhu haala kamiin ilaalamuu danda’a?

Naannoon wantoota hunda organizimii tokko marsee argamu dha. Naannoon ida’ama qabattoota hedduu walitti dhufeenya waliin qabaniiti. Kanarraa ka’uun ruqoolee naannoo tokko isa kan biraa osoo hin miidhiin adda baasuun rakkisaa dha. Qo’annoo fi hubannoof akka tolutti naannoo bakka lamatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:

  • naannoo fiizikaalaa (abiotic environment)
  • naannoo baayolojikaalaa (biotic environment)

2.2.1. Qabattoota naannoo fiizikaalawaa

? Qabattoonni naannoo fiizikaalawaa maal fa’a?

Qabattoota lubbu maleeyyii kanneen akka haala qilleensaa, ifa aduu, bishaan, biyyee, anniisaa, sagalee, foolii, tempireechara, taa’umsa lafaa, wantoota nam-tolchee, fi kkf of keessatti hammatee jira. Isaan kana garee sadiitti qooduun qo’achuun ni danda’ama. Isaanis:

  1. qabattoota haala qilleensaa (climatic factors)
  2. qabattoota biyyee (edaphic factors)
  3. haala teessuma lafaa
  4. Qabattoota haala qilleensaa
  5. Ifa aduu

 ? Ifti aduu faayidaan inni lubbu qabeeyyiif qabu maal?

Biqiloonni soorata isaanii qopheeffachuuf anniisaa aduutti fayyadamu. Kunis immoo orgaanizimoota lafa kana irra jiraatan hundaa kan utubee jiruu dha. Kanaafuu, guddinaa fi dagaagina orgaanizimoota naannoo tokkotti argamaniif hammi ifaa naannoon argatu murteessaa dha.

  1. Tempireechara

? Hariiroo tampireecharri lubbu qabeeyyii waliin qabu maal?

Ta’iiwwan naannoo keessaa tempireechariin tamsa’ina orgaanizimoota naannoo keessatti mul’ataniif murteessaa dha. Orgaanizimoonni hedduun kan jiraatan hanga tempireechara murtaa’aa keessatti dha.

Garaagarummaan tempireechara naannoo irratti mul’atu orgaanizimoota irratti jijjiirama hedduu fida. Fakkeenyaaf tempireecharri ol’aanaan:

  1. burkutaa’insa orgaanikii ni saffisiisa
    1. saffisa guddina orgaanizimoota tokko tokkoo ni dabala
    1. wal- hormaata orgaanizimootaa ni murteessa
    1. hurki bishaanii ni dabala

? Hurki bishaanii dhiibbaa maalii qaba?

Bishaan saffisaan qaama orgaanizimootaa keessaa yeroo bahu gogiinsa fida. Xiqqaachuun tempireecharaa ammoo wal-hormaata ni hir’isa, akkasumas sochii orgaanizimootaa irratti dhiibbaa ni fida.

  1. Bishaan

? Faayidaa bishaan lubbu qabeeyyiif qabu maal fa’a?

Bishaan lubbu qabeeyyii hundaaf baay’ee barbbachisaa dha. Orgaanizimoonni dhuunfaatti hamma bishaanii isaan barbaachisu qabu.Orgaanizimoonni tokko tokko jiraachuuf bishaan hedduu yommuu barbaachisu gar tokko ammo xiqqootu isaan barbaachisa. Kanaafuu wantoota tamsa’ina orgaanizimootaa murteessan keessaa inni tokko fedhii fi dandeettii bishaan qabachuu ykn tursiisuuti. Qabinsii fi qulqullinni bishaanii babal’insa orgaanizimootaaf murteessaa dha. Garaagarummaan bishaanii yeroo uumamu dhiibbaa orgaanizimoota irratti ni fida.

  1. Bubbee

Bubbee jijjiirama qilleensaa naannoo qofa fiduu otoo hin ta’iin jijjiirama orgaanizimoota irratti ni fida. Kallattii fi ciminni bubbee hawaasota irratti dhiibbaa qaba. Bubbeen tamsa’ina fuduraa fi sanyii biqiloota garii, akkasumas godaansa bineeldota balali’anii, kan akka allaattiiwwanii fi ilbiisotaa irratti dhiibbaa qaba. Akkasumas bubbeen orgaanizimoota keessaa bishaan akka hurku taasisuun tempireecharri akka hir’atu ni godha.

  • Haala teessuma lafaa

Haalonni taa’umsa lafaa, olka’insa, tulluu fi sulula dha. Kanaafuu, dandeettiin bishaan qabachuu, sadarkaa oksijiinii, tempireecharaa fi bubbeen mul’atu addaaddummaa ni qaba. Wantoonni kun tamsa’ina orgaanizimootaa ni murteessu.

  • Qabattoota Biyyee

Haalonni caasaa biyyee, gostni biyye, jiidhina biyyee fi PHn biyyee tamsa’ina orgaanizimootaa ni murteessu. Asiidii, alkaalii, ashaboo fi qabiyyeen albuudota biyyee keessatti argaman guddina biqilootaaf murteessoo dha.

PHn biyyee guddina biqilootaaf murteessaa dha. Guddina biqiloota hedduuf biyyee himbaasawaa fi biyyee asiidiitu mijaa’aa dha. Haa ta’u malee biqiloonni akka lafa margaa (grass land) fakkaatan kallattiin kan mijaa’u biyyee himbaabsawaa fi alkaalii dha.

? Haalonni fiizikaalawaa gosa orgaanizimii bidoollee tokko keessa jiraachuu danda’u murteessuuf shoora guddaa taphatu kun akkamiin ta’uu akka danda’u fakkeenyaan ibsi.

       Albuudota

Lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hunduu kan wal- qunnaman karaa anniisaa fi albuudota isaan keessa yaa’anii fi darbaniin. Albuudonni elementoota guddinaa fi jireenya orgaanizimootaaf baay’ee murteessoo fi barbaachisoo ta’anii dha. Albuudonni akkaataa barbaachisummaa isaaniitti bakka gurguddaa lamatti qoodamu

  1. Maakiroonutireentota (macronutrients)
    1. Maayikiroonutireentota( micronutrients)
  2. Maakiroonutireentota: elementoota (albuudota) baay’inaan barbaachisanii fi jireenya orgaanizimootaaf murteessoo ta’anii dha. Fakkeenyaaf kaarboonii, hayidirojiinii oksijiinii, waalgaa, foosforesii, pootaasiyeemii, kaalsiyeemii, maaginiziyeemii

? Biqiloonni elementoota kana bifa maaliin itti fayyadamu?

Biqiloonni elementoota kana bifa adda addaan itti fayyadamu. Fakkeenyaaf – bifa gaaziin: kaarboondaayoksaayidii

 -bifa dhangala’oon: bishaan

 -bifa ayooniin : Mg2+, Ca2+ , NO3kkf

2. Maayikiroonutireentota:

maayikiroonutireentonni orgaanizimootaaf barbaachisoo haa ta’aniyyuu malee yarinaan kan barbaachisani dha. Elementoota akka malee yarinaan barbaadaman hundi bifa ayooniin biqilootaan xuuxamu. Fakkeenya, kobaaltii, ziinkii, mangaanizii, kilooriinii, ayireenii.

2.2.2. Qabattoota Naannoo Baayolojikaalawaa

Naannoon baayolojikaalawaa lubbu qabeeyyii hunda: biqiloota, bineeldota, moneeraa, pirootistaa fi fangasoota of keessaa qaba. Qabattoota lubbu qabeeyyii naannoo murtaawaa tokko keessatti argaman naannoo baayolojikaalawaa jedhamu. Fakkeenyaaf: qopheessitoota, burkuteessitoota, nyaattotaa fi maxxantoota.

2.3 Daddarba(Succession)

Daddarbi hawaasaa akkamiin raawwatama ?

Daddarbi jijjiirama kallattii itti fufaa akkaataa raagamuu dandaamuun yeroo dheeraa irratti kan raawwatu dha. daddarbi kan hammatu :

  • Jijjiirama baayina biqilootaa fi bineeldotaa
  • Jijjiirama gosa sanyii ( adeemsa dheeraa)
  • Jijjiirama naannoo fiizikaalawaa, bidoollee.

Hawaasni yeroo dhaa yerootti akka jijjiiramu maaltu godhe ?

Sababni hawaasni adda addaa yeroo adda addaa bakka jireenyaa tokko akka weeraru taasisani.

  * Jijjiirama haala qilleensaa :- rooba, biyyee, jiidhina qilleensaa

     (humidity)

  * Gochaalee sanyii hawaasichaa

  * Gochaalee dhala namaa akka dhiibbaa alaati.

Lafti akka dhagaa / kattaa biyyee miti . Garuu biyyeen dura kattaa irraa tolfama. Kunis ta’uu kan danda’u biqiloonni  jalqaba kattaa akkasii irratti biqilan wayita irratti biqiluu jalqabani dha. biqiloonni yeroo jalqabaaf kattaa irratti biqilan paayoniirii ( pioneer ) jedhamu. Fakkeenyaaf arrii dhagaa. Paayonironni orgaanizmoota yeroo jalqabaa lafa qullaa dhuunfatan ta’anii amala addaa qabu . Amalli isaaniis :

  • Naannoo hamaa jiraachuu danda’u
  • Bakka hanqinni bishaanii jiru jiraachuu danda’uu
  • Salphaatti qilleensaan faca’uu danda’u
  • Babalina sanyii xiqqaa qabu
  • Hariiroowwan sanyii muraasa qabu
  • Sanyii yeroo gabaabaa jiraatu qabu.

Arriin dhagaa yeroo dheeraaf yoo dhagaa irratti biqilu kattichi/dhagichi burkutaa’aa deema. Du’aan arrii dhagaa kunis yeroodhaa yerootti bosebbosuun kattaa burkutaa’een walitti makamuun biyyee uumaa deema. Biyyeen yeroo dhaa gara yerootti hammii fi jiidhinni isaa daddabalaa deemu kun orgaanizimoota kanaan dura bakka sana jiraachuu hin dandeenye kanneen akka saphaphuuf haala mijeessuun keessummeessuu jalqaba.

Saphaphuunis du’uun biyyee gabbisaa deema, gabbachuun biyyee biqiloota itti aananii dhufaniif haala mijeessa. Moosiinis bakka bu’a. Moosiin kaaroleen (ferns) bakka bu’a, biyyeenis haala gaariin gabbachaa deema. Gabbachuun biyyee kanaa biqiloota sadarkaa olaanaaf haala ni mijeessa. Kanaafuu, kaaroleen biqiloota daraaraan bakka bu’u . Biqiloonni daraaraa kun yoo haalli qilleensaa fi naannoo eeyyameef gara bosonaatti jijjiiramu. Adeemsi kun dhuma irratti hawaasa tasgabaa’aa ta’e uuma. Kunis hawaasa tasgabaa’e ( stable community ) jedhama.

Hawaasni tasgabaa’e kun yoo haalli jijjiirama qilleensa dhaabbataa ta’e uumame malee salphaatti baduu yookaan jijjiiramuu hin danda’u. Adeemsi arriin dhagaa kattaa qullaa irratti biqile irraa kaasee hanga biqiloota daraaraatti (bosonaatti) akkaataa biqiloonni wal- duraa duubaan itti tarreeffamanii dha. Bakka murtaa’aa tokkotti akkataan hawaasni garagraa yeroo murtaawaa keessatti  tarreeffamuun wal- duraa duubaan itti adeemuu daddarba jedhama.

                 Fakkii daddarba biqilootaa

Daddarbi gosa lamatti qoodama. Isaanis daddarba jalqabaa fi daddarba lammaffaa jedhamuun beekama.

 Garaagarummaan daddarba jalqabaa fi lammaffaa maal ?

1. Daddarba jalqabaa

Daddarbi jalqabaa gosa daddarbaa ta’ee kan jalqabu bakka lubbuun sanaan dura irra hin turre kan akka kattaa, cirrachaa fi cabbii ti. Daddarbi jalqabu iddoo duuwwaa irraa waan jalqabuuf hawaasa kilaayimaaksii bira ga’uuf yeroo dheeraa fudhata.

2. Daddarba lammaffaa

 Daddarbi lammaffaa bakka buusuu hawaasaa ta’ee kanaan dura hawaasani irra turee sababa uumamanis ta’ee gochaa namaan irraa manca’e dha. Bakkeen akkanaa duraan hawaasa kilaayimaksiin qabatamee kan ture, garuu booda irra ibiddaan yookiin gocha namaa, qonnaaf kan manca’e dha. Faallaa daddarba jalqabaa, wantoonni orgaanikii biyyee keessa turan qaba. Kun immoo bakkichi bira qabaan yeroo gabaabduu keessatti hawaasa kilaayimaaksii ta’a.

2.4. Marsaa wantootaa sirnakkoo keessatti

Elementoota qaama lubbu qabeeyyii ijaaran tarreessi

Faayidaa elementoonni kun qaama lubnbu-qabeeyyii keessatti qaban tokko tokkoon ibsi.

Elementoonni qaama lubbu-qabeeyyii keessatti argaman ruqoolee lubbu-qabeeyyii fi ruqoolee lubbu-dhabeeyyii sirnakkoo gidduutti naanna’u. Elementoonni kun utuu addaan hincitin naannoo irraa gara lubbu-qabeeyyiitti, erga dabranii booda gara naannootti deebi’u. Marsaan wantootaa yookiin elementootaa kun otoo addaan citee jireenyi lubbu-qabeeyyii itti fufuu hindanda’u. Sababnis elementoonni uumama keessatti hamma murtaa’aa kan qaban waan ta’eefi. Mata duree kana jalatti marsaa bishaanii, kaarboonii, naayitiroojiinii fi foosforasii ilaalla.

2.4.1   Marsaa bishaanii

?Faayidaa bishaan lubbu qabeeyyiif qabu tarreessuun ibsi

Sochiin bishaan dachee fi atimoosfarii gidduutti godhu marsaa bishaanii jedhama. Marsaan bishaanii anniisaa ifaatiin gaggeeffama. Anniisaan ifa aduu bishaan qaama lubbu qabeeyyii, biyyee, lageen, haroo, galaanaa fi k.k.f. keessaatti argamu gara hurkaatti akka geeddaramu godha. Hurki kun atimoosfarii keessatti erga qabbanaa’ee booda bifa cabbii fi roobaatiin gara dacheetti deebi’a.

Bishaan lubbuu dha jedhama. Sababni isaas ammo orgaanizimiin kamiyyuu bishaan malee jiraachuu hin danda’u. Qabiyyee qaama orgaanizimootaa keessaa bishaan parsantii 75 hamma 95 ta’a. Kutaan dachees harka afur keessaa harki sadii bishaaniin haguugamee jira.

Bishaan qaama biqilootaa fi bineeldotaa keessaa karaa adda addaa hurkuudhaan qilleensa naannootti makama. Hurki bishaanii kun gobbina qilleensaan gad ta’e waan qabuuf qilleensa naannoo keessa bakka tempireecharii xiqqaa qabutti ol baha. Hurki bishaanii kun wayita lafa irraa ol fagaachaa deemu, qilleensa diilallaa’aa wajjin wal qunnamaa dhufa. Yeroo kana diilalli hurka bishaanii gara duumessaatti jijjiiruun duumessa uuma. Bishaan duumessaa gara coba gurguddaatti jijjiirama. Cobni bishaanii kun yeroo walitti kuufamaa dhufu ulfaatina argata, sana booda humna harkisa lafaatiin gara lafaatti harkifamuun bokkaa ta’ee rooba. Bokkaan kun ammoo ammas haroo, garba,galaana,laga yaa’u uuma. Akkasumas bokkaan robe lafa seenuun kuufamuu ni danda’a.

Biqiloonnii fi bineeldonni bishaan bokkaa kanatti ni gargaaramu. Bishaan kun booda irra qaama biqilootaa fi bineeldotaa keessaa karaa adda addaa gara qilleensa naannootti makama. Amma illee ho’a aduun bishaanichi gara hurkaatti jijjiiramuun bokkaa ta’a. Haalli kun marsaa bishaanii jedhama.

Fakkii:– Marsaa bishaanii

Gaaffii

      1/ Adeemsa marsaa bishaanii keessatti qooda fudhatan tarreessi

      2/ Orgaanizimoota marsaa bishaanii keessatti ga’ee qaban tarreessi.

2.4.2 Marsaa Kaarboonii

? Kaarbooniin baayinaan eessatti argama?

Atoomiin kaarboonii atimosfarii, qaama lubbu-qabeeyyii fi qaama du’aa lubbu-qabeeyyii keessatti argama. Atoomiin kaarboonii bifa CO2 atimoosfarii keessatti argamu adeemsa fotosenteesisiitiin gara qaama lubbu-qabeeyyiitti seena. Yeroo gubama soorataa fi yeroo boba’aawwan foosiilii gubatan elementiin kaarboonii deebi’ee gara atimoosfariitti gadi-lakkifama.

Kaarbooniin qabiyyee olaanaa kaarbohayidiretootaa , pirootiinotaa, liippidootaa  fi asiidota niwukilikii ti. Kaarbooniin heddumminaan kuufamee kan argamu:

  • Atimoosfarii fi galaana keessa bifa CO2 tiin
  • Lubbu qabeeyyii keessa bifa kompaawondoota orgaanikiitiin
  • Qaama du’aa wantoota orgaanikii keessa
  • Haftee orgaanizimoota durii keessa
  • Sheelii bineeldota galaanaa keessa
  • Bifa kaarboonetiin(carbonates) dhagaa lafa keessaa keessa
  • Bifa kaarbooniitiin boba’aa haftee(fossil fuels) keessa

? Marsaa kaarboonii keessatti adeemsawwan gurguddoo raawwataman 

   maal fa’a?

Marsaan kaarboonii yaa’a anniisaa waliin kan wal qabatee dha. Sababiin isaas kaarbooniin elementii yaa’a anniisaa wajjin deemu/walqabatee dha. Gulantaa soorataa fi funcaa soorataa qopheessitootaan bifa soorataan seena .

Walumaa galatti marsaan kaarboonii kan jalqabu kaarboondaayoksaayidiin qilleensa keessa jiru wayita adeemsa footosinteesisiitiif biqiloonni atimoosfarii keessaa xuuxuun soorata isaanii qopheeffatanii dha. Sooranni orgaanikii kaarboonii qabu kun qaama biqilootaa keessatti kuufamuun soorattootaaf akka madda kaarbooniitti kan gargaaru dha.

? Kompaawondiin orgaanikii biqiloota keessatti kuufame gara 

bineeldotaatti akkamiin darba?

Kompaawondiin orgaanikii biqilootaan qophaa’e kun bineeldotaan nyaatama. Kompaawondoonni orgaanikii bineeldotaan nyaataman kun qaama bineeldotaa keessatti oksijiiniitiin gubachuun CO2 uuma. Kaarboondaayoksaayidiin kun ammo bifa hargansuun gara atimoosfariitti deebi’a.

Shaakala
  1. Adeemsota marsaa kaarboonii keessatti qooda fudhatan tarreessuun ibsi
  2. Lubbu qabeeyyii marsaa kaarboonii keessatti ga’ee qaban tarreessi
  3. Orgaanizimoonni dandeettii CO2 atimoosfarii keessaa hir’isu qaban kami?
  4. Tooftaalee CO2 atimoosfarii keessatti dabalaa akka hin deemne ittiin hir’ifamuu danda’an ibsi
  5. Qooda fudhannaa bineeldotaa malee marsaan kaarboonii akkamitti xumuramuu akka danda’u ibsi. Qooda fudhannaa biqilootaa malee hoo marsaan kun xumuramuu danda’aa?

Fakkii:  Marsaa Kaarboonii

2.4.3 Marsaa Naayitiroojiinii

  ? Faayidaa naayitirojiiniin lubbu qabeeyyiif qabu maal fa’a?

Lubbu-qabeeyyiin naayitiroojiinii malee jiraachuu hin danda’an. Naayitiroojiinii oomisha pirootiinii, asiidota niwukilikiitii fi amiinoo asiidotaaf fayyada. Atimoosfarii keessa qabiyyeen naayitiroojiinii %78. Haa ta’u malee baakteeriyaa muraaasa irraa kan hafe lubbu-qabeeyyiin hedduu gaasii naayitiroojiinii atimoosfarii keessaa akka jirutti itti fayyadamuu hin danda’an. Sababnis inzaayimii hidhoo sadee atomoota naayitiroojiinii gidduu jiru (N=N) caccabsuu danda’u waan hin qabneefi. Baakteeriyaa muraasa qofatu inzaayimii kana qaba.

Biqiloonni naayitiroojiinii biyyee keessaa bifa naayitireetiitiin (NO3) fudhatanii pirootiinii oomishu. Bineeldonni naayitiroojiinii biqiloota irraa argatu.

Marsaan naayitiroojiinii adeemsa armaan gadii of keessatti hammata.

1/ Adeemsa naayitiroojiinii fikseessuu (nitrogen fixation): Adeemsa naayitiroojiiniin atimoosfarii keessaa (N2) gara naayitiraayitii (NO2), Naayitireetii (NO3) fi amooniyaatti (NH3) ittiin jijjiiramu dha..

            N2         NO2/NO2/NH3

Biqiloonni naayitirojiinii bifa kompaawondiin(kompaawondii naayitiretii) biyyee keessaa argachuu qabu. Naayitirojiinii walabaa atimoosfarii keessatti argamu gara kompaawondoota naayitirojiinii kannen akka amooniyaa fi amooniyeemii dhuma irrattis naayitireetii(NO3) jijjiirama. Adeemsa naayitiretiin itti uumamu kun naayitirojiinii fiiksessuu jedhama. Adeemsi naayitirojiinii fiiksessuu anniisaa barbaada. Sababiin isaas hidhoon sadee molekiyulii naayitirojiinii keessa jiru hidhoo humna cimaa qabuu fi hidhoo kana cabsuuf yookaan diiguuf anniisaa cimaa barbaadu waan ta’eef dha. 

Naayitiroojiiniin atimoosfarii keessaa gara bifa faayidaa qabeessatti kan jijjiiramu karalee armaan gadiitiini.

a/ Balaqqeessaan (Lightening) : Balaqqeen yeroo bakakkaan bu’u uumamu hoo’a cimaa qaba. Hoo’i kun naayitiroojiiniin oksijiiniin wal-nyaatee naayitireetii akka uumu godha.

        N2 + O2         NO3

Balaqqeessi naayitirojiinii atimoosfarii oksijiinii wajjin wal nyaachisuun gara naayitiretiitti jijjiira. Sababiin isaas balaqqeessi humna ho’aa guddaa waan qabuuf. Ho’i kun ammoo naayitirojiinii oksijiinii atimoosfarii wajjin akka wal nyaatu gochuun oksaayidii naayitirojiinii uuma. Oksaayidiin naayitirojiinii kun bishaan roobaa wajjin wal nyaatinsa keemikaalaa gaggeessuun asiidii naayitirikii (HNO3) uuma. Asiidiin naayitirikii rooba waliin biyyee seenee bishaaniin caccabuun gara naayitiretiitti(NO3) jijjiirama. Kanaaf, balaqqeessi naayitirojiinii atimoosfarii gara naayitiretiitti jijjiira jechuu dha. Naayitireetiin bishaan roobaa keessatti bulbulamee gara biyyeetti seena. Biqiloonni naayitireetii biyyee keessaa fudhatanii pirootiinii oomishu.

b/ Baakteeriyaan

  1. Baakteeriyaa bilisaan biyyee keessa jiraatan kanneen akka “Azotobacter” fi “Clostridium” naayitiroojiinii (N2) gara amoomiyaatti jijjiiru.

      N2                         NH3

  1. Baakteeriyaan wal-utubbiin hidda dhiitawaa biqiloota liguuminasii   

     kanneen akka   baaqelaa ataraa fi k.k.f. wajjiin jiraatan naayitiroojiinii 

    (N2) gara amooniyaatti  geeddaru

c/ Indastiriidhaan (Industrial fixation):- Naayitiroojiiniin gabbina  biyyeetiif baay’ee  barbaachisaa dha. Kanaafuu bifa xaa’ootiin indastirii keessatti oomishama.

 Fkn. –  Amooniyem naayitireetii(NH4NO3), Yuuriyaa (CO(NH2)2)

2/ Adeemsa burkutaa’uu (Decomposition): Adeemsa pirootiiniin qaama du’aa lubbu-  qabeeyyii fi xuraawaa bineeldota kan akka fincaanii keessa jiru burkuteessitootaan gara  amooniyaa (NH3) fi amooniyemitti (NH4+) ittiin geeddaramu.Adeemsi kun amoonessuu jedhamuunis ni waamama.

3/ Adeemsa naayitireessuu (Nitrification): Adeemsa amooniyaa fi amooniyemiin gochaa baakteeriyaa kanneen akka “Nitrosomonas” fi “Nitrobacter” tiin jalqaba gara naayitiraayitii, dhumarratti immoo gara naayitireetitti ittiin jijjiiramuudha. Baakteeriyaan kunniin baakteeriyaa naayitireessuu jedhamu.

     NH3/NH4                             NO2                  NO3

Biqiloonni naayitirojiinii bifa naayitiretiin biyyee keessaa argatu. Kanaafuu, duraan dursee naayitirojiiniin gara naayitiretiitti jijjiiramuu qaba. Adeemsi jijjiirraa kompaawondoota naayitirojiin kanneen akka amooniyaa fi amooniyeemii baakteeriyaan gara naayitiraayitii fi naayitiretiitti godhamu naayitireessuu jedhama. Naayitireessuu keessatti naayitirojiiniin atimoosfarii haalota adda addaatiin gara amooniyaa fi amooniyeemiitti fiiksessamu. Itti aansuun kompaawondoonni kun gara naayitiraayitii(NO2) fi naayitireetii(NO3) jijjiiramu.                 

4/Adeemsa Naayitiroojiinessuu (Denitrification)  Adeemsa naayitiraayitii fi naayitireetiin gochaa baakteeriyaatiin gara gaasii naayitiroojiinitti geeddaramuuti.Baakteeriyaan gocha kana raawwatu baaakteeriyaa naayitiroojiinessuu jedhamu. Baakteeriyaan naayitiroojiinessuu oksijiinii malee kan jiraatan waan ta’eef biyyeen qilleensa akka argatu gochuun adeemsa naayitiroojiinessuu hir’isuun ni danda’ama.

            NO2/NO3                       N2

   ? Fakkeenya baakteeriyoota gahee kana taphatanii kennaa

                       NO2

                       Fkn: naayitirobaakter

               

Furtuu      1.Industiriitiin fiiksessuu

        2.Wal utubbii saphaphuu cuqul magariisaa fi baakteeriyaa 3. Baakteeriyaa bilisaa

        4. Gocha bakakkaan ykn balaqqeessaan raawwatame

     Fakkii : Marsaa Naayitiroojiinii

 

Shaakala

  1. Lubbu-qabeeyyii marsaa naayitiroojiinj keessatti qooda fudhatan tarreessi
  2. Marsaan naayitiroojiinii qooda fudhannaa bineeldotaa malee xumuuramuu ni danda’a moo hin danda’u? Maaliif?
  3. Ga’ee burkuteessitoonni marsaa naayitiroojiinii keessatti qaban ibsi.
  4. Marsaan naayitiroojiinii qooda fudhannaa biqilootaa fi burkuteessitootaa malee xumuramuu danda’a moo hindanda’u? maaliif?
  5. Faayidaa marsaa wantootaa ibsi?
  6. Baakteeriyaa naayitireessuu, ammoonessuu fi naayitiroojiinii 

fikseessan O2 fayyadamuun jiraatu. Baakteeriyaan  

naayitiroojiinessuu garu O2 malee jiraatu.  Biyyeen albuuda 

naayitirojiniitiin akka gabbatu qotee bultoota maal gorsita?

 2.4.4 Marsaa Fosforesii

Gocha : 1 Bakki kuufama fosferesii eessaa jettee yaadda ?  gareen irratti   mariyadhaa.

               2. Faayidaan fosforesiin orgaanizimootaaf kennu maal ?

Fosforesiin albuuda orgaanizimootaan baay’inaan barbaadamuu fi jireenya lubbuutiif baay’ee murteessaa kan ta’ee dha. Fosforesii fi albuudonni biroon biyyee keessaatti argamu . Kanaafuu dacheen bakka kuufama fosforesii fi elementoota adda addaa birooti.

Marsaan bishaanii, kaarbooni fi naaytirojiinii marsaa gaazotaa jedhamanii yammuu beekaman marsaan fosforesii fi albuudota biroo marsaa sedimentarii (sedimentary cycle ) jedhamu .

Fosforesiin lafa keesatti bifa foosfeetii (PO43- ) tiin argama . Foosfeetiin bishaan keessatti hedduminaan waan hin bulbulamneef biyyee keessaa muraasaan argama. Biqilootni foosfeetii biyyee keessaa argatu. Bineeldotni garuu biqiloota soorataan irraa argatu . Wayita biqiloonni fi bineeldonni du’an burkuteessitoonni qaama du’aa biqilootaa fi bineeldota kanaa burkuteessuun kompaawondoota fosforesii qaamootii isaanii keessatti argamu keessaa gara biyyeetti akka gadi – lakkifamu godhu.

                         Fakki: Marsaa foosfarasii

2.5 Daddarba Anniisaa Sirnakkoo keessatti

Sirnakkoo keessatti Anniisaan ifa aduu adeemsa fotosenteesisiitiin gara qopheessitootaatti seena. Qopheessitoonni anniisaa ifaa gara anniisaa keemkaalaatti geeddaru. Adaduma elementoonni keemikaalaa bifa soorataatiin orgaanizimii tokkorraa gara orgaanizimii biraatti funcaa soorataa keessa dabraniin anniisaan ifaa aduurraa argames gulantaa soorataa tokkorraa gara gulantaa itti aanutti dabraa adeema. Haa ta’u malee anniisaan adaduma gulantaa soorataa tokko irra isa itti aanutti dabra deemuun hir’ataa deema. Sababnis tokkoon tokkoo gulantaalee soorataa irratti anniisaan bifa gubama soorataa fi hoo’aatiin waan baraaxa’uufi. Sirnakkoo keessatti anniisaan kallattii tokko qofatti yaa’a. Kana jechuun naanna’uu hindanda’u.

2.5.1 Hariiroo Soorataa

Orgaanizimoonni hawaasa garagaraa keessa jiraatan irra caalaa soorataaf walitti hirkatanii jiraatu. Bineeldonni muraasni biqiloota sooratu. Gariin isaanii bineeldota sooratu, kaan ammo biqilootas bineeldotas ni sooratu.

Orgaanizimoonni soorata mataa isaanii qopheeffachuu danda’an qopheessitoota jedhamu. Lubbu qabeeyyiin soorata ofii qopheeffachuu hin dandeenye, biqilootaa fi bineeldota biroo kan sooratan nyaattota(soorattoota) jedhamu. Nyaattonni bakka gurguddaa sadiitti qoodamu. Isaanis: soorattoo margaa, soorattoo foonii fi sor-lachee dha.

Orgaanizimoonni qaama du’aa orgaanizimoota biroo diiguudhaan soorata isaanii argatan burkuteessitoota jedhamu. Akka walii galaatti sirnakkoo keessatti akkaataa soorata isaanii argataniin orgaanizimoonni bakka gurguddaa sadiitti qoodamu. Isaanis: awutootiroofotaa, heetirootiroofota fi burkuteessitoota.

2.5.1.1 Funcaa soorataa

Tartiiba anniisaan bifa soorataatiin biqilootarra gara bineeldotaatti, bineeldotarraa immoo gara bineeldota biraatti ittiin dabruudha. Funcaa soorataa keessatti orgaanizimiin tokko gosa nyaataa tokko qofa akka nyaatu yookiin orgaanizmii tokko qofaan akka nyaatamutti yaadama. Fakkeenya funcaa soorataa

i/ Funcaa soorataa dachee

   Marga       Korophiisa         Lootuu        Culullee

ii/ Funcaa Soorata bishaanii

Faayitoopilanktanii     Zoopilanktanii      Qurxummiilee xixiqqaa        Qurxummiilee gurgudaa       Shaarkii

Tokkoon tokko sadarkaalee funcaa soorataa keessaa gulantaa soorataa jedhamu. Gulantaan soorataa tokkoffaan qopheessitootaan qabama.Gulantaan soorataa lammaffaa fi sadaffaan orgaanizimoota soorattoo jallqabaa fi soorattoo lammaffaa jedhamaniin qabamu. Gulantaan soorataa afraffaa immoo soorattoo sadaffaan qabama.

Soorattoon jalqabaa soorattoo margaati. Soorattoon lammaffaan, soorattoo margaa sooratu. Kanaafuu soorattoota fooniiti. Soorattoonni sadaffaa, arfaffaa fi k.k.f dabalataan soorattoo fooniiti.

Fkn:-Marga         Korophisa        Lootuu         Culullee

Gulantaa -1       Gulantaa 2     Gulantaa-3       Gulantaa-4

                           soorattoo 1ffaa       soorattoo 2ffaa          soorattoo 3ffaa         

                 soor. margaa    soor. foonii-1ffaa    soor. foonii-2ffaa

2.5.1.2 Saphuphee Soorataa

Sirnakkoo heddu keessatti orgaanizimiin tokko, orgaanizimii tokkoo ol soorata yookiin orgaanizimoota hedduun sooratama. Kanaafuu funcaaleen soorataa heddu walitti hidhamanii, hariiroo soorataa walxaxaa ta’e uumu. Hariiroon soorataa walxaxaan funcaalee soorataa walitti hidhaman heddu irraa uumamu saaphaphee soorataa jedhama.Diyaagiraamii armaan gadii ilaali.

Fakkii:-  Saaphuphee Soorataa

2.5.2 Piraamidoota Ikoloojikaalaa

 ? Piraamidiin ikolojikaalaa maal? Piraamidiin ikolojikaala akaakuu 

     meeqatu jiru?

Anniisaan gulantaa soorataa tokkorraa gara itti aanutti adaduma dabruun hir’ataa adeema. Haala kana giraafiin agarsiisuun ni danda’ama. Giraafii kun piraamidii ikolojikiaalaa jedhama. Piraamidiin Ikolojikaalaa hamma gatii anniisaa gulaantaa soorataa keessatti argamuu mul’isa. Piraamidii Ikolojikaalaa akaakuu saditu jira. Isaanis: piraamidii lakkoofsaa, piraamidii baayoomaasii fi piraamidii anniisaati.

     ? Garaagarummaa fi wal-fakkeenyi gosa piraamidoota kanaa maal?

  1. Piraamidii lakkoofsaa:- Lakkoofsa orgaanizimootaa tokkoon tokkoo gulantaa soorataa irratti argamanii mul’isa. Akka waliigalaatti gulantaa soorataa gad-aanaarraa gara isa itti aanuutti adaduma deemamuun lakkofsi orgaanizimootaa hir’ataa adeemaa. Kanaafuu anniisaanillee hir’ataa adeema.

Fkn: Marga          Bosonuu          Leenca

Funcaa soorataa kana keessatti lakkoofsi margaa kan bosonuu caala, lakkoofsi bosonuu immoo ka leencaa caala. Haalli kun piraamidii armaan gadiitiin agarsiifama.

Fakkii: Piraamidii lakkoofsaa

Hanqina Piraamidii Lakkoofsaa

i/ Tokkoon tokkoon orgaanizimii, hamma isaatii fi gosa tishuu isaa 

    yaada keessa utuu hin galiin akka ktokkootti laakka’awuu.       

   Fakkeenyaaf orgaanizimiin guddaa fi inni baay’ee xiqqaa ta’ellee  

   waluma qixa akka tokkootti lakka’amu.

ii/ Sirnakkoowwan tokko tokko keessatti lakkoofsi orgaanizimoota  gulantaa soorataa  gad-aanarraa gara itti aanutti hir’ataa deemuu dhabuu. Fakkeenyaaf mukni tokko  yookiin  mukeen muraaasni ilbiisota, allaattotaa fi raammolee hedduun sooratamuu ni danda’a.   Haala akkanaa keessatti piraamidichi lakkoofsaa waan geeddaramuuf, hir’ataa  adeemuu anniisaa hin agarsiisu. Fakkeenya armaan gadii ilaali.

i/ “Rose bush”             Ilbiisota (aphids)          maxxantoota.

Funcaa soorataa kana keessatti lakkoofsi ilbiisotaa kan mukkeenii ni caala, lakkoofsi maxxantootaa immoo kan ilbiisotaa ni caalaa. Kanaafuu piraamidichi gad gombifamaa ta’a.

Fakkii: Piraamidii lakkoofsaa

ii/ Muka               Jiisaa Ilbiisotaa                 Allaattota

Lakkoofsi jiisaa kan mukkeenii ni caala, lakkoofsi allaattotaa immoo kan jiisaa ilbiisotaa tii gadi. Kanaafuu piraamidichi boca armaan gadii qabaata.

Fakkii:Piraamidii lakkoofsaa

Gaaffii:- Hanqinoota piraamidii laakkofsaa kan biroo tarreessuun ibsi.            

2. Piraamidii Baayoomaasii: Ulfaatina tishuu gogeessa orgaanizimoota tokkoon tokkoo gulantaa soorataa irratti argamanii agarsiisa. Sirnakkoowwan dachee irratti gulantaa soorataa gad aanaarraa gara itti aanutti adaduma deemamuun baayoomaasiin hir’ataa deema. Kanaafuu anniisaanillee hir’ataa adeema. Sirnakkoo bishaanii keessatti garuu gulantaa gad-aanaarraa gara itti aanutti baayoomaasiin dabalaa adeema. Kanaafuu piraamidoonni baayoomaasii kan dachee fi bishaanii faallaa walii ta’u.

 Fakkii :Piraamidii baayoomaasii

Gaaffii:-Hanqinoota piraamidiin baayoomaasii qabaachuu danda’u ibsi.

3. Piraamidii anniisaa:- Hamma anniisaa tokkoon tokkoo gulantaa soorataa irratti oomishamuu mul’isa. Adaduma gulantaa soorataa gad-aanaa irraa gara itti aanutti adeemamuun anniisaan hir’ataa deema. Haalli kun piraamiidii armaan gadiitiin agarsiifama.

  

Fakkii: Piraamidii anniisaa

Hamma anniisaa gulantaalee soorataa safaruuf piraamidii anniisaa   piraamiidii lakkoofsaa fi piraamiidii baayoomaasii irra caalaa            filatamaadha.

Shaakala

  1. Gaaffilee itti aanaan funcaa soorataa armaan gadii irratti hundaa’uun deebisi. 

Marga       Korophiisa      Lootuu            Culullee

       a/ Orgaanizimii kamtu anniisaa xiqqaa argata? maaliif?

       b/ Funcaa soorataa kana piraamidii lakkoofsaa fi piraamidii  

            anniisaa tiin agarsiisi.

  1. Hamma anniisaa gulantaa soorataa safaruu irratti hanqina piraamiidiin lakkoofsaa fi piraamidiin baayoomaasii qaban ibsi.

2.6 Baayoomee ( Biomes )

? Baayoomeen maal ?

Baayoomee jechuun biraqabaan sirnakkoo bal’aa lafa irraa jechuu dha. Addunyaan baayoomee gurguddaa lamatti qoodamti: baayoomee lafaawoo fi baayoomee bishaanawoo . Baayoomeen lafa bal’ina beekamaa ta’e tokkoo akka armaan gadiitti amaleeffamuu danda’a.

  • Haala qilleensaa
  • Sanyii biqilootaa fi bineeldotaa
  • Gosa biyyee

Yeroo  baay’ee iddoo bal’aa kan uwwisan ta’us sirnakkoolee xixiqqoos hammachuu danda’u. Baayoomeen lafaawoo baay’een jiraatanis muraasa isaanii ni ilaalla.

Baayoomeen gurgudda addunyaa kanaa kan hammatan:

  • Bosona bokkaa tirooppikaalii ( tropical rain forest)
    • Savaanaa ( Savanna )
    • Gammoojjii ( desert )
    • Lafa margaa ( grass land )
    • Bosona tempireetii ( Temperate forest )
    • Tundiraa ( Tundra )

2.6.1 Bosona bokkaa tirooppokaalii

Bosonni bokkaa tirooppikaalii mudhii lafaatti siqee kan jiruu fi  laatitiyudii 60 ka fi 60 ki gidduutti argama . Iddoowwan sadiitti baay’ee dagaagee argama . Inni bal’aan naannoo laga Amaazoon Amerikaa kibbaa , inni lammaffaa naannoo laga Koongoo  Afirikaa fi ayisilaandii kibba baha Eshiyaa ti . Bakkeen kun amaloota armaan gadiin ibsama :-

  • Tempireechara olka’aa fi rooba bokkaa waggaa guutuu
  • Baayoomee lafaawoo hunda irra baayina sanyii tiin badhaadhaadha     
  • daayivarsiitii sanyii biqilootaa fi bineeldotaa tiin .

Bosonni bokkaa tirooppikaalii baqqaana sadii qaba :-

  1. Baqqaana jalqabaa ( olii ) : kan uumamu mukkeen meetira 60 – 80 dheerataniin . Mukkeen hamma meetira 120 dheeratanis ni jiru . Ifa aduu kallattiin argatu.
  2. Baqqaana lammaffaa ( gidduu ) : baqqaana jalqabaatti aanee kan jiruu fi mukkeen meetira 40 – 60 dheerataniin uumame . Mukkeen dheeraa walirra oolan ( Over lapping ) kaanooppii ( canopy ) uumu . Kaanooppiin baay’ee yabbuu waan ta’eef ifa aduu xiqqoo qofatu keessa darba .
  3. Baqqaana sadaffaa ( gadii ) : Mukkeen meetira 40 gad dheerataniin kan uumamu ta’ee andaristoorii ( understory ) jedhamuun waamama.

2.6.2 Savaanaa

Savaanaan kan argamu baayoomee bosona bokkaa tirooppikaalii fi gammoojjii gidduutti ta’ee naannoo laatiitiyudii 100 ka fi 100 ki ti. Roobni murtaa’aa fi waqtii irratti hundaa’a  Tempireechariin waqtii irratti hundaa’a.  Bakkeen kun gogiinsa  waqtii irratti hundaa’e qaba . Bakkeen kun marga mukkeen faffaca’anii argamanii qabuu fi shirabii qabata . Savaanaan muraasni mukkeen kan dhuunfatame yoo ta’u kanneen hafan ammoo shirabiin dhuunfatamanii dha .

2.6.3 Gammoojjii

Gammoojjiin kan argamu naannoo laatiitiyudii 350 ka fi 350 ki tti. Naannichi kan ittiin amaleeffamu rooba bokkaa baay’ee xiqqaa qabaachuu dhaan . Bokkaan yeroo roobu cimaa fi yeroo gabaabduuf qofa.

Gammoojjiin guyyaa baay’ee ho’a halkan ammoo baay’ee qorra . Kanaafis guyyaa tempireechariin baay’ee ol ka’aa dha . Biqiloonni zeeroofaayitoota jedhamanii fi biqiloonni bishaan jirmaa fi baala isaanii keessa kuufatan, biqiloonni sakkulantii gammoojjii keessa jiraatu .

2.6.4 Lafa Margaa

Lafti margaa naannoo tirooppikaalii fi tempireetiitti argamu . Hammi rooba bokkaa lafa margaa gidduu gala baayoomee lamaaniiti . Lafti margaa kanneen armaan gadiin ni ibsama :

  •  Ganna ni ho’a bona ni qorra .
  • Baayinni rooba bokkaa muka guddisuuf gahaa waan hin taaneef   

       mukkeen hin qabu.

  • Margi biqilaa baayoomee kana dhuunfatu dha
  • Lafti margaa beekamoo addunyaa kanaa :- pirayiresii Kanaadaa fi 

   USA, paappaasii – Ameriikaa kibbaa , isteepisii – Awurooppaa fi  

        Eshiyaa fi Veldiitisii – Afrikaa  ti.

2.6.5 Bosona Tempireeti

Bosonni tempireeti naannoo tempireetii hemisfeerii kaabaa keessatti argama . Hemisfeerii kibbaa keessatti hin argaman. Bosonni tempireeti amaloota armaan gadiin ibsama .

          – Tempireechariin ganna ho’aa fi bona qorraa .

          – Roobni bokkaa kan waggaa giddu galaan cm 75 – 250

2.6.6 Tundiraa

Tundiraan hemisfeerii kaabaa keessatti kan argamu ta’e baayinaan bosona tempireetii oli ( laatiitiyudii 600 ka ).  Baayoomeen kun kan ittiin ibsamu :

          – Tempireechara 00C  gadii fi waggaa keessaa yeroo baay’ee ifa xiqqaa qabu .

          – Roobni bokkaa kan waggaa giddu galeessaan 25 cm .

          – Cabbiin waggaa keessatti yeroo dheeraaf  biyyee uwwisa

  • 2.7 Baayoodayivarsiitii

? Baayoodaayivarsiitiin maal?

Jechi baayoodaayivarsiitii yookaan daayivarsiitii baayolojikaalaa jedhu baayinaa fi gosa sanyii orgaanizimootaa kan ibsu dha.

Sadarkaalee addaa addaatti ilaaluun ni danda’ama. Isaanis: daayivarsiitii jiinii (genetic diversity) sanyii tokko keessatti, daayivarsiitii sanyii (species diversity) baayina sanyii adda addaa, fi daayivarsiitii ikolojikaalaa (ecological diversity) addaaddummaa sirnakkoo keessaa fi gidduutti.

2.7.1 Facaatii fi Adeemsa (patterns and processes)

Hubannoo walii gala baayodaayivarsiitii dabalatee ikolojistoonni akkaataa facaatii garee orgaanizimootaa irrattis ni qo’atu. Kallattiin baayee beekamaa ta’e ammoo daayivarsiitii tuqaa yookiin alfaa-daayivarsiity (point or alpha  – diversity), kunis baayina sanyii iddoo murtaa’aa tokkoo fi akkaataa facaatii isaaniiti. Inni kan biraan, β-daayivarsiitii, kunis geeddaraminsa sanyii iddoo jireenyaa bal’ina sanyii dabalata.

2.7.2 Sonawwan Baayoodaayivarsiitii

? Sonawwan Baayoodaayivarsiitii maal fa’a?

Akka waliigalaatti bu’aan ruqoolee baayoodaayivarsiitii kunuunsuu irraa dhufu garee sadii keessatti ilaalamuu danda’a. Isaanis. tajaajila sirnakkoo, qabeenya baayolojikaalawaa fi faayidaa hawaasummaa. Fakkeenyi muraasni bu’aalee kanneenii armaan gaditti kennamaniiru

1 )  Tajaajila sirnakkoo (ecosystem services)

Madda bishaanii eeguu: biqiloonni uumamaan naannoo bishaanii uwwisan madaala marsaa bishaanii eegu.

? Madaala marsaa bishaanii akkamitti akka eegan mari’adhaa walii 

     Dhiheessaa.

Uumamaa fi eegumsa biyyee: daayivarsiitiin baayolojikaalawaa uumama biyyee, caasaa biyyee tursiisuu akkasumas jiidhinsaa fi sadarkaa albuudaa biyyee tursiisuuf ni gargaara.

? Badiinsi daayivarsiitii baayolojikaalawaa uumamaa fi eegumsa biyyee 

    irratti dhiibbaa akkamii fi akkamitti akka qabu irratti mari’adhaa waliif  gabaasaa.

Kuusaa fi marsaa albuudaa: sirnakkoon marsaa albuudotaa keessatti ga’ee guddaa taphata. Albuudonni kun elementoota atimoosfarii keessaa fi biyyee keessatti argaman, lubbuu itti fufsiisuuf gargaaran hammata.

? Fakkeenya tokko kennuun irratti mari’adhaa

Sirnakkoo eeguuf: sirnakkoon jiraachuu lubbu qabeeyyii qofa eega osoo hin taane, madaala lubbu qabeeyyii fi qabeenya isaaniin jiraachisuuf barbaachisu gidduu jiru ni eega.

2) Qabeenya baayolojikaawaa

Soorata: namnii fi lubbu qabeeyyonni baay’een jiraachuuf oomishtoota jalqabaa irratti hirkatu.

Qabeenya qorichummaa: qorichoonni madda uumamaa irraa tolfaman addunyaa irratti fayyaa eeguuf gumaacha guddaa qabu.

3) Faayidaa hawaasummaa

i) Madda galii: foon, rifeesnsa fi gogaa, damma, kuduraa fi fuduraa, mi’eessituu (spices), qorichaa fi meeshaalee miidhaginaa, halluuwanii fi kkf madda galii ta’uu danda’u. Kanaafuu hooggansi qabeenyaa kanneen olii irraa argaman qixa sirriin gaggeessuun baay’ee barbbachisaa dha.

ii) Faayidaa saayinsiif: qabeenya uumamaa caalatti itti fayyadamuuf waa’ee isaanii baay’ee beekuu fi barachuutu eegama.

iii) Faayidaa bashannanaa: turizimii fi gochaalee bashannaaf kanneen akka adamoo, qurxummii kiyyeessuu fi kkf ni oolu.

iv) Sona aadaa: kunuunsi daayivarsiitii baayolojikaalaa sona aadaa dhaloota ammaa fi fuulduraaf baay’ee barbaachisaa waan ta’eef har’a kunuunfamuu qaba.

  • 2.7.3 Wantoota Baayoodaayivarsiitii Miidhan

Akka waliigalaatti wantoonni yeroo ammaa baayoodaayivarsiitii sodaachisaa jiran uumamni isaanii antirooppoojenikii dha. Kana jechuun gochaa yookiin dhiibbaa dhala namaa tiin kan ta’an jechuu dha. Isaanis kanneen armaan gadii hammachuu danda’u.

i) Bidoollee dhabamsiisuu ykn fooyyessuu: kun yeroo baay’ee kan wal-qabatu ciccita bidoolleetiin. Isaan kanaaf ammo sababa kan ta’uu danda’u: dagaagina horsiisaa, qonna, biqiloonni ibiddaan gubamuu fi faalama dha.

ii) Hammaa ol itti fayyadamuu (over- exploitation): kunis daldalaaf yookiin ittiin jiraachuuf kan godhamu dha

iii) Akka tasaa yookiin beekumaan saayii haaraa (exotic) itti dabaluu: isaan kunis kannen dura turaniin dorgomuu, adamsuu yookiin diqaaleessuu danda’u.

  1. Jeequu, ciruu fi buqqisuu: kunis sanyii orgaanizimootaa “pest” jedhaman beekumaan mancaasuu dabalata.

2.7.4 Qaaccessa Viyaabilitii Uummataa (population viability    analysis)

? Qaacccessi viyaabilitii uummataa maal?

Qaaccessi viyaabilitii uummataa adeemsa wantoota sodaachisoo sanyii ta’an adda baasuu fi carraa fuulduratti yeroo murtaa’aa ta’e jiraachuu isaanii madaaluu dha. Fakkeenyaaf, uummanni tokko waggaa 100 jiraachuuf carraa %95 qaba. Kallattiin qaaccessa viyaabilitii uummataa tokkoo, viyaabilitii uummataa isa xiqqaa (minimum viable population) lakkoofsa uummataa xiqqaa osoo hin manca’iin turuu isaa murteessu dha.

Qaaccessi viyaabiliitii uummataa kan irratti xiyeeffatu kunuunsaa fi hooggansa sanyii muraasaa (rare) fi baduutti deeman, pirinsippiliin ikolojii uummataa hojiirra oolchuun carraa jiraachuu isaanii fooyyessuuf. Hooggansi sanyiiwwan baduutti deemanii kaayyolee gurguddaa lama qaba. Kaayyoon yeroo gabaabaa balaa badiinsaa (extinction) hir’isuu dha. Kaayyoon yeroo dheeraa ammoo sanyiiwwan poteenshiyaalii jijjiirama ivolushiniif qaban akka tursiifatan haala mijeessuufii dha.

Sanyiiwwanii fi uummanni lubbu qabeeyyota addunyaa kanaa kumaatamaan lakkaawwan waggottan kurnan keessatti balaan badiinsaa irra gaha jedhamee sodaatama. Maddi balaa kanaa ammoo kallattiin gochaa dhala namaan wal-qabata. Gochaaleen tokko tokkoon isaanii lubbu qabeeyyii irratti qaban sababnii fi dhiibbaan isaa baay’ee wal-xaxaa dha, kanaaf malli qaaccessa dhiibbaa kanaas wal-xaxaadha.

Baayolojistoonni yeroo baay’ee raawwii uummataa kan ibsan demogiraafii isaanii ibsuu dhaan. Jecha salphaan, ariitiin dhalootaa ariitii du’aa kan caalu yoo ta’e, uummatichi yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka deemu eegama. Yoo faallaan kanaa dhugaa ta’e ammoo, uummatichi xiqqaachaa deema. Kanaaf guddinni uummataa waliigalaa agarsiisuu nageenyaa gaarii dha. Guddinni uummataa dabalaa deemuun demogiraafii sadarkaa hamma ta’e fayyaa ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, hir’achaa deemuun ammoo adeemsi alaa itti seenuu fi dalagaa isaanii akka tasgabbiin hin raawwanne gochaa jiraachuu agarsiisa.

  • 2.7.5  Karoora Kunuunsaa

Safarri milkaa’ina tooftaalee kunuunsaa yookiin karoorri kunuunsa bidoollee inni guddaan uummatichi bidoollee uumamaa isaa keessa yeroo dheeraaf turuu danda’uu dha. Garuu, karoorri kunuunsaa bu’aa dhihoo irratti xiyeeffate uummata baay’ina hamma ta’ee kan giddu galeeffate miti, bidoollee eeguu malee.

Adeemsi karoora kunuunsaa kan irratti hundaa’u odeeffannoo waa’ee ikolojii sanyii gadi fayyeenya qabuuti. Isaanis: faca’insa uummata sanyii sanaa, bidoollee, fi qabeenya.

Duraa duubni gochaalee kunuunsaa biyyoota adda addaa kan murtaa’u xiyeeffannaa biyyaa wal-simsiisa haawaas dinagiddee, naannoo fi sona aadaa carraa baduu yookiin manca’uu qabeenya  jenetikii sanyii irratti xiyeeffatamuu irratti.

Sanyii irratti xiyeeffatamu ilaalchisee, Namkoong( 1986) hooggansa jenetikii sanyii garee sadii ibsee ture. Isaanis:

  1. sanyii yeroo ammaa faayidaa hawaas dinagidee qaban
  2. sanyii pootenshiyaalii fi sona fuulduraa qabu
  3. sanyii beekumsaa fi teekinooloojii ammaatiin sonni isaa hin beekamne

2.7.6 Tarsiimoo fi tooftaalee kunuunsa baayoodaayivarsiitii

Kunuunsi daayinaamikii dha. Kunuunsitoonni dursanii yaaduu, of-eeggannoo gochuu fi ilaalcha isaanii dagaagina aadaa, hawaasaa irra gochuu qaban. Haaromsi daayivarsiitii baayolojikaalawaa sadarkaa hundatti godhamu haaromsa sanyii hawaasaa viyaabilii yookin uummata beekamuu ti. Kunis iddoo jireenyaatti yookiin iddoo jireenyaan alatti ta’uu danda’a.

  1. Iddoo jiranitti kunuunsuu (in situ conseravation)

? Iddoo jireenyaatti kunuunsuu (insitu conservation) jechuun maal 

   jechuu dha?

Iddoo jireenyaatti kunuunsuun kunuunsa bidoollee uumamaa fi haaromsa sanyii orgaanzimootaa bidoollee uumamaa isaanii keessatti gochuu dha. Haaromsi baayoodaayivarisiitii yeroo ammaa mula’tan ta’ee haaromsa lubbu qabeeyyota alaa haala jireenya uumamaa isaaniin iddoo jiraachuu danda’anitti godhamu dha. Kun akka waliigalaatti tarsiimoo kunuunsaa kanneen biro irra filatamaa dha. Sababiin isaas madaqina adeemsa uumama keessaa ala jiraachuu itti fufuu fi itti fayyadaminni ammaa akka itti fufuuf. Kunuunsa iddoo jireenyaatti godhamuuf fakkeenya addaa ta’uu danda’u gochaa qonnaan bultoota qonna aadaa fayyadamaniiti.

  • Iddoo jireenyaan alatti kunuunsuu (ex situ conservation)

? Kunuunsi iddoo jireenyaan alattii kan akkamiiti?

Kunuunsi iddoo jireenyaan alattii kunuunsa ruqoolee baayodaayivarsiitii ta’ee bidoollee uumamaa isaanitiin alatti godhamu dha. Tarsiimoo kana keessatti kan hammataman sanyii kuusuu (seed storage) fi gaardanii bootanikaalaa (botanical garden).

   2.8 Uummata

 Uummata jechuun maal jechuudha?

Uummata jechuun garee orgaanizimootaa miseensota sanyii tokkoo ta’anii yeroo fi iddoo murtaa’aa ta’e keessatti kan argamanii dha. Gareen orgaanizimootaa kun sanyii tokko keessatti waan argamaniif walirraa horuu danda’u. Uummanni naannoo tokkoo sababa lakkoofsi miseensota isaa haalota adda addaa irraan kan ta’e jijjiiramaa waan deemuuf dhaabbataa miti.Uummanni sanyii orgaanizimii iddoo murtaa’e tokko jiraatan waan ta’eef, qabeenya wal-fakkaatu irratti hirkatu, akkasumas dhiibbaa naannoo wal- fakkaatuuf saaxilamu.

Ikolojiin uummataa ikolojii orgaanizimii fi ikolojii hawaasaa gidduutti argama. Fakkeenyaaf, baayinni uummataa dandeettii orgaanizimiin dhuunfa qorra dandamachuu fi sanyii orgaanizimii kan biroon adamsamuu irratti hundaa’uun jijjiiramuu danda’a.

 2.8.1 Tooftaa qo’annoo uummataa (Techniques of population study)

? Tooftaalee baayina uummataa bakka murtaa’aa keessa jiru tokko  

    beekuuf gargaaran maal faa akka ta’an gareen irratti mari’adhaa

Baayina uummataa karaa lamaan bira ga’uun ni danda’ama: isaanis:

  1. Hundumaa lakkaa’uu (total count)
    1. Eddatteessuu ( sampling)

                         I. qarxii (quadrats) fi

                         II. tiraanseektiin (transect)

2.8.2 Amaloota uummataa

? Amaloonni uummataa maal fa’a?

Yeroo ta’e kami keessattuu, luummanni hundi daangaa ji’ogiraafikaalaa fi baayina uummataa (lakkoofsa dhuunfaa inni hammatu) qaba. Uummanni akka garee dhuunfaatti amaloota armaan gadii qaba. Isaanis:

  1. Daayinaamiksii uummataa (population dynamics)
  2. Gobbina uummataa (population density)
  3. Facaatii uummataa (population dispersion)
  4. Seenaa jireenyaa (life history pattern)
  5. Caasaa umurii (age structure)

Amaloonni armaan olitti eeraman amala orgaanizimii dhuunfaa fi hawaasaa osoo hin taane, amaloota addaa uummataa ti.

2.8.3 Daayinaamiksii Uummataa (population Dynamics)

? Daayinaamiksiin uummataa maal agarsiisa?

Daayinaamiksiin uummataa qo’annoo waa’ee akkamittii fi maaliif baayinni uummataa yeroo waliin dabalee fi xiqqaatee dha. Sanyii orgaanizimii irratti hundaa’uun orgaanizimiin dhuunfaa sa’aatii walakkaa walakkaan yookiin guyyaa guyyaan yookiin waqtiidhaan, yookiin waggaan dabaluu yookiin hir’achuu danda’a. Fakkeenyaaf, uummanni baakteeriyaa daqiiqaa digiddama keessatti jijjiiramuu danda’a, uummanni arbaa jijjiiramuuf waggoota itti fudhata.

2.8.3.1 Taateewwan guddina uummataa murteessan

? Taateewwan guddina uummataa murteessan maal fa’a ?

Hammi baayina uummataa naannoo murtaawaa tokko keessa jiraatan haalawwan adda addaa irratti hundaa’a. Haalawwan kunis:

  1. Ariitii hamma dhalatuu (birth rate)
  2. Ariitii hamma du’uu (death rate)
  3. Godaansa (migration)

? Taateewwan kunniin akkamiin akka baayina uummataa murteessan 

   gareen daree kessatti irratti mari’adhaa

  1. Ariitii hamma dhalatuu (birth rate)

Orgaanizimiin haaraan dhalachuun uummata duraan turetti dabalamuun baayinni uummata sanaa akka dabalu godha. Kanaafuu ariitiin hammi dhalachuu baayina uummata tokkoo murteessuu danda’a, kunis ta’uu kan danda’u yoo haalonni mijaawoo ta’an kanneen akka soorataa, bakka jireenyaa, kkf guutanii argamanii dha.

  • Ariitii hamma du’uu (death rate)

Lubbuun dhabamuun miseensa uummata tokkoo akka uummanni sun lakkoofsaan hir’atu godha. Hammaan hir’achuun uummata tokkoo ariitii du’uu orgaanizimoota sanaa irratti hundaa’a.

Walumaa galtti baayinni uummata naannoo tokkoo kan irratti hundaa’u: gareegarummaa hamma du’uu fi hamma dhalatuu ti

  1. Biyyi hammi dhalatuu fi hammi du’u itti guddaa ta’e baayinni uummataa suuta suutaan dabalaa deema. Haalli kun biyyoota saayinsii fi teeknolojiin baay’ee duubatti hafan keessatti mul’ata.
  2. Biyyi hammi dhalatu guddaa ta’ee hammi du’u ammo xiqqaa ta’etti, uummanni saffisaan guddachaa deema. Haalli kun biyyoota guddachaa jiran keessatti mul’ata.
  3. Biyyoota hammi dhalatuu fi hammi du’u baay’ee itti xiqaate baayinni uummataa xiqqoo dabalaa deema. Haala kanaaf biyyoonni fakkeenya gaarii ta’an, biyya Awurooppaa, Ameerikaa, kuubaa fi kkf
  • Ce’umsi walii galaa, hammi dhalatuu fi hammi du’u baay’ee ta’e irraa gara hammi dhalatuu fi du’u hir’achuutti godhamu, ce’umsa dimoogiraafikii (demographic transition) jedhama.
  • Godaansa (migration)

Sochii uummanni tokko bakka duraan ture irraa gara bakka haaraa birootti deemuu fi uummata naannoo sana jirutti dabalamuun baayinni uummataa akka dabalamu godha. Godaansi gosa lama qaba.

1) Godaansa alaa gara keessaatti (Immigration)

Sochiin kun yeroo orgaanizimoonni deemanii uummata tokkotti seenuun itti dabalamanii achuma keessatti hafanidha. Lakkoofsi uummatichaa isaan itti dabalamanii ni guddata. Godaansi kun kan ta’u yeroo bakka uummati godaansi itti ta’e keessa jiraatuu bakki jireenyaa, bishaan, albuudonnii fi kkf gahaan jiraatanii dha.

2) Godaansa keessaa gara alaatti (Emigration)

Godaansi keessaa gara alaa kun sochii miseensonni uummata tokkoo sababii garaa garaaf uummata isaanii lakkisanii osoo hin deebi’iin achumaan hafanii dha. Godaansi akkasii kun kan ta’u yeroo haalli naannoo uummanni ture sanaa mijaa’uu baate, hanqinni bakka jireenyaa,

hanqinni soorataa yoo jiraate, diinni yoo jiraatee fi gammoojjummaan yoo baay’atee dha.           

Qo’annoo guddina uummataa kana hiika qabeessa gochuuf qo’attoonni ikolojii taateewwan eeraman kana irraa guddina uummataa shallaguuf foormulaa lafa kaawwachuun barbaachisaa dha.

Foormulaan jijjiirama uummataa kana shallaguuf gargaaru:

Jijjiirama uummataa = (dhalachuu –du’uu) +(godaansa gara  keessaa

 (Population Change)                        – godaansa gala alaa)

       N= (b-d)+(i-e)  :            N = jijjiirama uummataa

                                          b= dhalachuu

                                          d= du’a

                                           i= godaansa gara keessaa

                                           e= godaansa gara alaa

2.8.3.2 Moodeloota guddina uummataa

1. Pootenshiyaalii Uumamaa fi Moodela Guddina Eksponeshaalii

     ? Pootenshiyaalii uumamaa maal?

Ariitiin ittiin uummanni tokko dhiibbaa tokko malee guddatu yookiin dandeettii uumamaan dabaluu pootenshiyaalii uumamaa jedhama. Kun kan ta’u haala dhugaan jiru keessatti miti. Wantoonni guddina uummataa irratti dhiibaa fidan hedduutu jiru. Isaanis: nyaata, bakka jireenyaa, adamoo, paatoojiinota, faaltotaa fi kkf guddina uummataa duubatti harkisan waan jiraniif.

? Guddinni eksiponenshiyaalii maal?

Guddinni eksiponenshiyaalii yeroo orgaanizimiin uummata kamiiyyuu guddina uummataa saffisaa ta’e haala uumamaan hin jirre (ideal) keessatti raawwatu dha. Fakkeenya fudhachuun haa ilaallu. Baakteeriyaa tokko, istaafaayilookokasii daqiiqaa 20 keessatti adeemsa hirmama baayinariitiin seelii haaraa lama uumu fudhannee ilaalla. Soorata guddinaa fi wal-hormaataaf barbaachisu hunda yoo argatan, dhuma daqiiqaa 40n jalqabaa irratti, tokko tokkoon isaanii hirmamuun walitti seelota 8 uumu. Hamma sooranni gahaan jiraatetti dabalaa deema. Osoo lakkoofsa kana akka fakkii 1 irratti kaasinee, sarara giraafii boca “J” qabu uuma. Guddinni uummataa akka kanaa dhuma hin qabne guddina eksiponenshiyaalii boca “J”n bakka bu’e kenna.

Ekspoonenshiyaaliin kan ibsu hariiroo jijjiiramaan (variable) tokko isa biraa irra saffisaan haala herreega murtaa’aatiin (1,2,4,8,16,—-) dabalu dha. Akka kan keenya kanaatti, jijjiiramaan saffisaan dabalaa deemu ariitii dhalachuu yoo ta’u jijjiiramaan suutaan dabalaa deemu ariitii du’aati.                                                     

Baayina baakteeriyaa(Y)

     700                                                          0——————-1

     600                                                          20——————2

      500                                                         40——————4

     400                                 N   =rN              60——————8

      300                                T                       80—————–16

      200                                                         100—————32

      100                                                         120—————64

                                                        x            140————–128

               0    60    120    180   240               160————–256

                       Yeroo (daqiiqaan)                   180————–512

                                                                     200————–1024

                                                                     220————–2048

Y- baayina dhuunfaa agarsiisa

Fakkii 1. Guddina Eksipoonenshiyaalii

? Orgaanizimoonni yeroo hundaa guddina eksipoonenshiyaalii itti fufuu?

Osoo baakteeriyaan yeroo hundaa guddina eksipoonenshiyaalii kan itti fufu ta’ee maaltu ta’uu akka danda’u mee yaadi?. Baakteeriyaan guyyaa tokkoo fi walakkaan dachee kana dheerina meetira tokkoon uwwisuu danda’u. Garuu, kun sababa dhiibbaa adda addaa naannoo kan akka tempireechara guddaa, hanqina nyaataa fi dhiibbaa xurii meetaaboolizimii dhuufaa isaanii irraan kan ka’e ta’uu hin danda’u.

2.8.3.3 Dandeettii Baachuu fi Guddina Lojistikii (Carrying Capacity and  Logistic Growth)

? Daadeettiin baachuu fi guddinni lojistikii maal?

Dandeettiin baachuu baayina olii orgaanizimootaa bal’inni tokko yookiin bidoolleen tokko rakkoo tokko malee yeroo dheeraaf jiraachisuu danda’u dha.

Faallaa guddina eksipoonenshiyaalii, hanqinaaleen lubbu qabeeyyii fi lubbu maleeyyiin naannoo guddina lojistikii irratti dhiibbaa qabu. Sababii dhiibbaan adda addaa jiruuf guddinni uummataa hamma murtaa’aa ol-deemuu hin danda’u. Hammi murtaa’aa dandeettii baachuu, qubee k tiin bakka bu’a.

Qabattoonni daangessoo ta’anii fi dandeettii baachuu murteessan soorannii fi bakki jireenyaa jiraachuu, dorgommii, wal-adamsuu, maxxaantummaa. Akka waliigalaatti daangessoonni kunniin ittisoota naannoo (environmental resitance) jedhamu. Ittisoonni naannoo herreegaan kan ibsaman (K-N)

                           K= dandeettii baachuu

                           N= baayina orgaanizimoota dhuunfaa

Ittisoonni naannoo ariitii dhalachuu xiqqeessuu fi ariitii du’uu guddisuun uummanni sadarkaa k irra akka dhaabbatu godha. Kana irraa kan ilaallu, walitti dhufeenyi pooteenshiyaalii uumamaa fi ittisoota naannoo gara ikuwilibiramii uummataa fi qabeenya jiruu wal madaalutti geessa. Karaa biraa, jiraachuun ittisoota naannoo uummata uumamaa guddina eksiponenshiyaalii gara guddina lojistikii tti fooyyessa.

Foormulaa guddina lojistikii:

     N    = rN (K-N)              N = jijjiirama uummataa

    T          K                  T = jijjiirama yeroo

                                   r = ariitii wal-hormaataa

                                   N = baayina orgaanizimootaa

                                    K = dandeettii baachuu            

Yeroo baayinni uummataa baay’ee xiqqaa ta’u,  K-N  gara tokkootti hiiqa,                                              K   

kana jechuun ittisoon naannoo gara  hin jirreeti. Kanaafuu uummanni eksipoonenshiyaalii guddata. Osoo baayinni uummataa gara K tti hiiqee (ykn K-N  gara  zeerootti hiiqe), gudinni uummataa zeeroo ta’a.            K

Giraafii guddina  lojistikii osoo kaasnee boca “S” qabaata.

2.8.4 Gobbina uummataa

? Gobbina uummataa jechuun maal jechuu dha?

Gobbina uummataa jechuun ida’ama baayina orgaanizimoota dhuunfaa bal’ina yookiin qabee bidoollee yeroo murtaa’e tokkotti qabatani dha.

Gobbina uummataa herreeguuf foormulaan gargaaramnu

    D =     N                    D= gobbina uummataa

          A ykn V                N= baayina orgaanizimii dhuunfaa

                                  A= bal’ina – bidoollee lafaawoof

                                  V= qabee – bidoollee bishaanawoof

Yuunitiin safaraa gobbina uummataa hamma orgaanizimii filatamee irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf: harree diidoo 50 heektaara tokko irra daayaatoomota miliyoona 2 bishaan cm3 tokko keessa.

Gobbinni uummataa baayina uummataa qofa mul’isa malee facaatii orgaanizimootaa iddoo jireenya isaanii keessaa hin ibsu. Fakkeenyaaf, bal’inni muraasni uummata hedduu yeroo qabaatu muraasni ammoo xiqqoo yookiin kan hin qabne ta’a.

2.9 Dorgommii

Uumamaan qabeenyi kamiyyuu haala murtaa’aa ta’een argama, kanaafuu orgaanizimootni qabeenya kana irratti dorgomu. Fakkeenyaaf, biqiloonni, iddoo jireenyaa, ifa aduu, albuudotaa fi bishaan irratti, bineeldonni nyaataaf, bakka jirenyaa fi qunnamtiif ni dorgomu. Dorgommiin fedha si’ataa orgaanizimiin tokko qabeenya murtaa’aa kana irratti orgaanizimii biraa yeroo caalu dha. Yeroo baay’ee dorgommin kan hin jiraanne:

  • Yoo qabeenyi gahaan jiraate
    • Orgaanizimoonni dorgoman yoo baay’ee muraasa ta’an

Ikolojistoonni gosa orgaanizimii irratti hundaa’uun dorgommii bakka lamatti qoodu. Isaanis: dorgommii sanyii keessaa fi dorgommii sanyii gidduu.

? Garaagarummaan dorgommii sanyii keessaa fi sanyii gidduu maal?

2.9.1 Dorgommii sanyii keessaa (intraspecific competition)

Dorgommiin sanyii keessaa kan gaggeeffamu orgaanizimoota sanyii tokkoo gidduutti. Yeroo baayinni dorgomtootaa gar-malee baay’atu, dorgommiin gar-malee ulfaataa ta’a. Sababni isaas yeroo lakkoofsi gar-malee baay’atu hanqinni qabeenyaa ni mudata waan ta’eef.

2.9.2 Dorgommii sanyii gidduu (Interspecific competion)

Dorgommiin sanyii gidduu kan raawwatu orgaanizimoota sanyii adda addaa gidduutti wal dorgommiin yeroo gaggeeffamu dha.

? Yeroo baay’ee dorgommii sanyii gidduu hamma dorgommii sanyii   

    keessaa hamaa miti. Maaliif ?

Dhuma dorgommii sanyii gidduutti wantoota armaan gadiitu raawwata:

  1. rukkinni sanyii dorgomtootaa lamaanuu ni hir’ata, garuu lamaanuu waliin jiraatu (coexist) yookiin
  2. dorgomaan laafaa ta’e isa mo’ateen du’uun yookiin alatti godaanuun bakkicha guutummaan gadhiisa.

      Gaaffilee Of-madaaluu

  1. Hiikkaa Ikooloojii addeessi.
  2. Amaloota orgaanizmoonni Paayonirootaa qaban tarreessi.
  3. Garaagarummaa albuudota Maakiroonutireentota fi Maayikiroonutireentota ibsi.

4. Kompaawondiin orgaanikii biqiloota keessatti kuufame gara   bineeldotaatti akkamiin darba?

5. BakkeewwanKaarbooniin heddumminaan kuufamee argamu ibsi.

6.Gaaffilee armaan gadii funcaa soorataa armaan gadii irratti hundaa’uun deebisi

Marga          Sa’a         Nama            Shaarkii

          a/ Gulantaalee soorataa hagamutu funcaa soorataa kana keessa jira? tokkoon tokkoo isaanii   addaan baasi.

          b/ Soorattoon lammaffaa eenyu?

          c/ Soorattoon foonii tokkoffaan eenyu?

                D/ Soorattoon foonii lammaffaan eenyu?

  • Gaaffilee itti aanan saaphuphee soorataa armaan gadii irratti hundaa’ii deebisi.

a/ Saaphupheen soorataa kun funcaalee soorataa meeqa qaba?

b/ Soorattoota jalqabaa, soorattoota lammaffaa, soorattoo foonii tokkoffaa  

     fi lammaffaa  addaan baasi.

c/ Orgaanizimoota gulantaa soorata 3ffaa fi 4ffaa irratti argaman tarreessi

8. Maalummaa guddina Eksipoonenshiyaalii fi guddina Loojistikii ibsi.

9. Garaagarummaan dorgommii sanyii keessaa fi dorgommii sanyii gidduu jiru maali?

10. Ta’eewwan guddina Uummataa murteessan tarreessi.

11.Baayoodaayivarsiitii jechuun maali?

12. Wantoota baayoodaayivarsiitii Miidhan addeessi.

   BOQONNAA SADII-JENETIKSII

         Seensa

   Barattoota! Naannoo jiraataa jirtanitti namoota amala adda addaa qaban hubataa akka jirtan walnama hingaafachiisu. Namoonni kun dheerinaan, halluu gogaatiin, ijaatiin fi kkf niin garaagarummaa qabaachuu danda’u. Amaloonni akkasii kun warra irraa gara dhalattootaatti akkamitti daddarbu?

      Mata duree kana jalatti yaada rime hojii Giriigor Mandaliin wal-qabatee fi akkaataa daddarbina dhaala sanyii ni barattu. Dhumma irrattis caasaa kiroomosomii, adeemsa hirmama seelii fi gosoota hirmama seelii barattu. Kanaafuu, isin barattootni gochaawwan mata duree (boqonnaa) kana keessatti kennaman hunda hojjechuudhaan hubannoo gaarii akka argattan isin irraa eegama.

Kaayyoolee

Barattoonni erga boqonnaa kana erga xumuuranii

  • Maalummaa jenetiksii ni himu
  • Diqaalessuu tokkee fi lameen maal akka ta’e ni ibsu
  • Garaagarummaa Fenootaayippii fi Genootaayippii ni addeessu
  • Maalummaa Homoozaagasii, Hetiroozaagasii, Doominaansii fi Reesesiivii ni himu
  • Pinteeti isquweerii  fayyadamuun Diqaalessuu tokkee fi lamee dalaganii ni agarsiisu
  • Maalummaa Maayitoosisii fi Meyoosisii ni addeessu

3.1 Hiika Jenetiksii

Jenetiksii jechuun saayinsii dhaala sanyii ta’ee kan walfakkeenyaa fi garaagarummaa warraa fi dhalattoota gidduu jiru ibsu dha. Jenetiksiin saayinsii akkaata amalootni itti daddarbanii fi akkamiin akka of mul’isan qo’atu dha. Irra caalaan amaloota  namaa baay’inaan kan to’atamu odeeffannoo seelii saalaa (gametes) tiin baatamee warra irraa dhalattootatti darbu dhaani . Haa ta’u malee, naannoo jaarraa 20ffaa saayintistoonni odeeffannoon warra irraa gara dhalattootatti daddarbu caasaa jiinii jedhamu kiroomosomoota irratti argamu irraan akka ta’e ibsanii jiru.

     3.2. Mandalii fi seera dhaala sanyii

Qorannoon jenetiksii amayyaa bara 1860ffaa keessa Moloskee biyya Awustiriyaa kan ta’e Girigor Mandaliin jalqabame. Haa ta’u malee seerotni daddarbuu dhaala sanyii/law of heredity/ kan beekaman Mandal kan bu’uuresse hamma irra deebi’amee argamutti saayintistoota biratti osoo hin beekamiin waggoota kurnan sadiif dhoksamee tureera.

      3.3. Dalagaa Girigor Mandal

Dhaala sanyii ilaalchisee falaasamtootni fi saayintistoonni addunyaa adda addaa jiraatanillee yeroo jalqabaaf namni qu’annoo istaatiksii gargaaramuudhaan akkaataa daddarbinsa dhaala sanyii kan geggeessee fi piriinsipiloota beekamoo saaynsii jenetiksii ammayyaa ta’an kan bu’uureesse Giriigor Mandalidha.

  Mandal Midhaan nyaataa Gadaamii Awustiriyaa, Biruun keessa jiru Oomishaa osoo jiruu dabalataan biqiloota guddisuun yaalii jalqabe. Booda irrattis atara (pisum sativum) filachuudhaan yaalii gaggeessee yaada bu’uuraa (tiwoorii) akkaataa daddarbinsa dhaala sanyiitiif hojii  aja’ibsiisaa ta’e hojjechuu danda’eera. Mandal atara maaf filate sitti fakkaata? Sababoota armaan gadii kaasuun ni danda’ama.

  • Abaaboo guutuu waan qabuuf
  • Poolineeshiniin salphaatti to’atamuu danda’uu
  • Dafee bilchaachuu (yeroo gabaabaa keessatti gahuu).
  • Amaloota ifatti faallaa ta’an hedduu qabaachuu fi kkf.

3.3.1. Adeemsa yaalii Mandal

  Mandal amaloota biqiloota atarii bu’uura ta’an torba qo’annoof filate. Innis sanyiiwwan atarii garaagaraa (varieties) soddomii afur guuruudhaan, isaan keessaa immoo akkaata dhaala sanyii kudha afran isaanii kan amaloota faallaa cimdii torbatti gareeffaman qofa irratti xiyyeeffate. Kunis waggoota hedduuf taassifame. Tokko tokkoon amaloota qo’atamanii gosa lamaan argamu.

 Fkn: Jirma dheeraa X Jirma gabaabaa

        Sanyii kottaa’aa X sanyii Mucucaataa

3.3.2. Yaalii Duraa Mandal: Diqaalessii Tokkee

Diqaalessuu tokkee jechuun maal  jechuudha?

Diqaalessuu tokkee jechuun orgaanizimoota lama wal-diqaalessuun dhaala amal-tokkee qo’achuu jechuudha. Mandal calqabaaf kan qo’ate akkaataa dhaalli boca sanyii ataraa itti raawwatu ture. Kunis atara dhugaan wal horuu danda’an kan gubbaan  sanyii isaanii mucucaataa ta’e warra kottaa’aa waliin diqaalessuudhaan poolineessuu nam-tolchee raawwate. Hundi sanyii asirraa uumamanii gubbaan isaanii mucucaataa ta’ee argame. Sanyiiwwan kunis dhaloota duraa (F1) uumaman jedhamuun mogaasaman. Hundi isaanii fenootaayippii warra tokkoo qofa mul’isan.

Itti aansee, dhaloota duraa (F1) kana:

  • Guddisee
  • Akka ofiin of-poolaneessan gochuudhaan
  • Sanyiiwwan uumaman guuree ilaale.
  • Sanyiiwwan kanas dhaloota lammaffaa (F2) jedhee moggaase.
  • Isaanis makaa sanyii gola mucucaataa fi kottaa’aa ta’anii argamani i.e ¾ isaanii mucucaataa = fenootaayippii doominaantii , ¼  isaanii immoo kottaa’aa=feno. dhokate

Fkn: P1 sanyii mucucaataa X sanyii kottaa’aa

        F1: Martinuu sanyii mucucaataa

           Wal-horsiisuu F1:F1XF1

F2…………. 5474 sanyii mucucaataa    1850 S.kottaa’aa

        reeshiyoo ……3:1 argate.

 Mandal yaaliiwwan diqaalessuu jahaan hafan keessattis bu’aa dhuma wal-fakkaataa argate.

Barattoota! Mee amma immoo kitaaba wabii dubbisuu dhaan  bakka duwwaa gabatee armaan gadii guutuu dhaaf yaala.

Lakk.Gosa amalootaa DiqalessuuFirii F1Firii F2 Reesho
1Dheerina jirmaaDheeraa X gabaabaaHunduu dheeraa787-dheeraa 277-gabaabaa2.84:1
2Halluu sanyiKeelloo X Magariisa6022 keelloo 2001-Magarisa
3 Hunduu Mucucaataa2.96:1
4Baxxee X kottoonf ataa881 baxxee 299 kottoonfata
5Halluu firii qola ataraa2.82:1
6Bakka daraaraan argamuAksisii x Fiixee 651-aksisii 207-Fiixee3.14:1
7Parpilii x adiiHunduu parpilii3.01:1

Gabatee 3-1: Gabatee amaloota ataraa Mandaliin diqaaleffaman agarsiisu.

Gudunfaa Diqaalessuu tokkee Mandal

  • Tiwooriin wal makuu fudhatama akka hin qabne kunis dhaalli sanyii adeemsa beekamaa kan mul’atina ala orgaanizimoota keessatti of mul’isuu ykn hin mul’isne warra irraa gara dhalattootaatti darbuu akka ta’e nu hubachiisa.
  • Dhaalli amaloota qo’atamanii faaktaroota beekamoo addaan bahuu danda’aniin to’atama.
  • Amalli dhaloota F1 keessatti hin mul’ane dhaloota F2 keessatti deebi’anii mull’atu.

Shaakala: Hiika  jechoota armaan gadii barreessuudhaan daree keessaniif gabaasa godha.

  • Homoozaagasii
  • Heteroozaagasii
  • Doominaantii
  • Reesesiivii
  •  
  • Fenoo taayippii
  • Jenootaayippii
  • Alilii


Tumaataalee Addaan ba’insaa.

 Orgaanizimootni amala tokkoof aliloota lama qaban yeroo hojjetamina gaametii addaan ba’uudhaan gaametootaan fudhatamu.

Diqaalessanii Qorachuu/test cross/- Diqaalessanii qorachuun diqaalessuuorgaanizimoota fenootaayippii doominaantii garuu jenootaayippii hin beekamne qaban fi amaloota homozaagiyas resesiivii giddutti geggeeffamu dha.

Fkn: Mucucaataa  jenootaayippii      X Kottaa’aa (amala resesivii)

                   Hin beekamne

1/ yammuu dhalattootni ½ n mucucaataa, ½ n immoo kottaa’aa  

    ta’an,     jenootaayippiin hin beekamne hetiroozaagiyasii

    mucucaataa (Ss) ta’a.

2/ Yammuu dhalattootni martinuu mucucaataa ta’an, Jenootaayippiin hin beekamne homozaagiyasii mucucaataa  (SS) ta’a.

3.3.3.1 Pinteeti isquweerii(Punnett square) fayyadamuun

Fkn : Baaqelaa keessatti dheerinni (T) gabaabbina (t) irratti doominaantii yoo ta’e         Fenootaayippii = Dheeraa  x Gabaabaa

     Warra (Parents)

                                             Genootaayippii = TT x tt

Female gameteMale gamete
     TT
TTtTt
TTtTt

Genootaayippi = hundi Tt (All Tt)

Fenootaayippii = hundi dheeraa (All tall)

3.3.4 Yaalii 2ffaa: Diqaalessuu Lamee

Diqaalessuu lamee jechuun diqaalessuu amaloota cimdiiwwan garaa garaa dha. Fakkeenyaaf bocaa fi halluu.

P1 ……..Mucucaataa, keelloo    X    kottaa’aa, Magariisa

     (Lamaamuu doominaantii SSYY)  (Lamaanuu resesivii ssyy)

F1 …. Martinuu Mucucaataa kelloo (SsYy   X SsYy)

F1…….. Yoo walhoran …… …       …F1XF1 (SsYy X  SsYy )

F2……315Muc.  108 Muc.  101 keelloo kotta’aa   32 kotta’aa magari

       Keelloo     magariisa                                                                                             Reeshoo …9:     3:                   3:                    1:

Shaakala: Fkn armaan olitti ibsame kana gabatee Peennuutii isquweerii fayyadamuun hojjedhu?

Gudunfaa Diqaalessuu lamee

  • Amalootni cimdiiwwan garaa garaa adda addaa malee wajjin dhaalamuu akka hin dandeenye.
  • F1 martinuu Mucucaataa keelloo ta’uun isaanii
  • Mucucaataan kottaa’aadhaaf
  • Keelloon magariisaa dhaaf doominaantii akka ta’e agarsiisa.
  • Biqilootni F1 gosa qaametii afur, SY, Sy,sY,sy, qabu.

Gocha : Barattoota! Gabatee armaan gadii guutuudhaan reeshoo dhalattoota 2ffaa kan itti aananii barraa’an mirkaneeffadha.

  • “S” n alilii Mucucaatummaa
  • “Y” n alilii keelloo
XSYSysYsy
SY    
Sy    
sY    
sy    

Dhalattootni lammaaffaa

  9- Mucucaataa Keelloo

 3- Kottaa’aa Keelloo

3- Mucucaataa Magariisa

1-Kottaa’aa Magariisa

3.3.5 Seera 2ffaa Mandal:- Seera  addaan sigigaachuu

Gocha: Seera lammaaffaan Mandal maal agarsiisaa? Gareen irratti 

            marii’adha.

   Akka seera 2ffaa Mandalitti addaan ba’uun alilii cimdii tokkoo addaan ba’insa alilii cimdii biraa irratti hin hundaa’u.

Hojii Piroojektii

1. Diqaalessuu sadeen (trihybrid cross) maal akka ta’e akkaataa gaaffii diqaalessuu tokkee fi isaa olii itti dalagan, akkaata lakk. gaametootaa itti barbaadamu irratti kitaaba wabii dubbisuu dhaan yaada gudunfaa dareef gabaasi.

2. Atara keessatti dheerinni (T) gabaabbina (t) irratti, halluun Magariisni gola sanyii hinbilchaannee (G) keelloo(g) irratti amala doominaatummaa qaba. Kana irratti hundaa’uudhaan gosoota gaametii fi dhalattoota diqaalessuu armaan gadii keessaa bahuu danda’an tarreessi.

a/ TtGg X TtGg    b/ TtGgX TTGg       C/ TtGg X Ttgg

3.4 Kiroomosomootaa fi Jiinota

Yuunitiin dhaala sanyii dhaloota irraa dhalootatti daddarbu jiinii jedhama. Jiiniin tokko immoo bifa (form) lama qaba. Bifti filannoo jiinotaa kun aliloota jedhama. Jiinonni Molekulii dheeraa, DNA keessatti kan argaman yammuu ta’u DNAn pirootinnii wajjin caasaa kiroomoosomii niwukilasii keessatti argamu uumu. Kiroomosomoonni kun jiinota hedduu ofirra qabu. Kanaafuu, mee waa’ee kiroomosomootaa qabxii tokko tokkoo haa ilaallu.

3.4.1 Kiroomosomoota:

Kiroomosomoonni baattuu dhaala sanyii ti. Hirmana seelii keessatti iddoo guddaa kan qabu kiroomosomoota waan ta’eef caasaa isaanii beekuun barbaachisa dha. DNAn Maatiriksii pirootinootaa wajjin caasaa kiroomosomsii uumu. Kunis orgaanizimoota seel-baayyee keessatti caasaa dalga diriire yammuu ta’u orgaanizimoota seel qeenxee keessatti immoo DNA maramaa ykn geengoo qabatee argama.

Kiroomosomoonni egaa bifa diriiraa ykn wal-seenaa ta’een argamuu kan danda’an yoo ta’u isaanis

  • Cimdii ta’anii argamu.
  • Lakkoofsi isaanii orgaanizimoota sanyii tokkoo keessatti dhaabbataa dha.
  • Nama keessatti cimdiin 22 kiroomosomoota awutoosoomii yammuu jedhaman isaanis dhiiraa fi dhalaa keessatti wal-fakkaatu.
  • Cimdiin tokko kiroomosomii saalaa jedhama. Kun ammo garaagarummaa qabu (homologosii walfakkaatan miti)
  • Bineeldota keessatti lakkoofsi daayipilooyidii (2n) kiroomosomootaa. amala qaamaa (somatic body) yoo ta’an lakkoofsi haapilooyidii (n) amala seelota saalaa ti.
    • Nama keessatti 2n = 46
    • Saree keessatti 2n = 39
    • Qullubbii   “      2n = 16

Walumaagalatti kiroomosomoonni caasaa baay’ee qallaa dheeraa pirootinoota garagaraa wajjin wal-makee yeroo seeliin hiramuu jalqabu mul’achuu eegaludha.

3.5 Hirmama Seelii

Hirmamni Seelii jireenya lubbu qabeeyyiitiif barbaachisaadha. Hirmamni seelii guddina qaamaa ijaarsa qaamaa fi qaama miidhame bakka buusuu, wal-hormaataa fi baay’ina seelotaatiif barbaachisaa dha.  Seelonni baay’acruudhaaf hirmama gaggeessu. Seeliin tokko 2 ti  4 ti 8 ti  fi kkf tti baay’achaa adeema.

   Akkaata amala kiroomosomootaa irratti hundaa’uudhaan gosoota hirmama seelii lamatu jira. Maayitoosiisii fi meyoosisii jedhamu. Hirmama seelii keessatti wanti hirmamuudhaaf deemu kiroomoosomsii waan ta’eef kiroomoosomsiin iddoo guddaa kan qabatedha. Gochaaleen wal-hormaata hundaa seeliin tokko yeroo umrii isaa raawwatu marsaa seelii jedhama.

Marsaa seelii

Marsaan seelii bu’uura Marsaa jireenya seeliin martinuu keessa darbudha. Kunis sad.miti hirmamaa fi hirmamuu seelii walduraa booda dhufu haammata.

3.5.1 Sadarkaa Miti Hirmamaa

 Interfeezii Feeziin kun sad. Dhuma marsa tokkoo fi jalqaba Marsa isa biraa gidduu jiru dha. Sadarkaan Kun

  • Baay’ee turaa /lag-phase/
  • Kan seeliin yeroo hirmama isaa irra caalaa itti dabarsu
  • Iddoo wantootni hirmamaaf barbaachisan martinuu baay’atani fi qophaa’anidha.
  • Bakka itti DNAn fakkaataa isaa uumu.
  • Feezii orgaaneloonni haarawaan itti uumaman yeroo tokko tokkoo dogoggoraan sadarkaan kun sadarkaa mugaa / resting stage/ jedhamullee hojiiwwan armaan olii waan raawwatuuf si’ataadha. Mugaa kan jedhamuuf seeliin yeroo kana adeemsa miti hirmamaa keessa akka jiru qofa agarsiisuudhaafi. Interfeeziinfeezii sadii qaba.

Gaappii duraa (G.1): qophii DNA duraa sadarkaa kana irratti seelonni hammaan waan gudataniif sadarkaa guddinaa jedhamees niwaamama. Kiroomosomsiin diriiraa waan ta’eef RNA oomishuudhaaf akka teempileetiitti gargaara. Daldaalli seelii G.1 keessatti raawwatu adeemsa tiraansikiriipshinii kiroomosomsiiti.

Sadarkaa Qophaa’inaa (S-feezii) sadarkaa kana keessatti immoo kiroomosomiin diriiree argamu RNA Oomishuuf osoo hin taane wal-hormaata raawwata. Tokkoon kiroomosomsii kiroomaatidii lama seentiroomeriidhaan walitti hidhame qabu.

Gaappii Lammaffaa (G2): sad. Qophaa’ina DNA booda sadarkaan kun immoo yeroo qabiyyeewwan saayitoopilaazimii seelii itti qophaa’anidha. Dhuma irratti kiroomosomotni wal-seenuudhaaf of qopheessu.

3.5.2 Sadarkaa Hirmamaa Seelota

Seelota Iyukaariyootaa keessatti sadarkaan hirmaamaa kun adeemsa hirmama lamaan amaleeffama. Isaanis kaariyookaayinesisii fi saayitoo kaayinesisii dha.

Saayitookaayinesisiin hirmama saayitoopilaazimii yammuu ta’u kaariyoo kaayinesisiin immoo hirmama niwukilaarii ta’ee gosa hirmama seelii beekamoo lama maayitoosisii fi meeyoosisiidhaan raawwata .

Gocha!

Barattoota! Waa’ee saayitookaayineesiyi fi kaariyookaayinesisii kitaaba wabii dubbisuudhaan ibsa gahaa kenni

 3.5.2.1 Maayitoosisii

Maayitoosisiin adeemsa hirmama seelii ilmoolee seelii lama kan walii fi warra isaanii fakkaatan oomishudha. Adeemsa kana keessatti seeliin ilmoo seelii warraa wajjin lakkoofsa kiroomsomootaa haalaan wal fakkaatan qabu.

N  __________   N

2N __________   2N

46____________ 46

Gosti hirmama seeli kun yeroo guddina orgaanizimoota fi wal-Hormaata al-saalessaa kan geggeeffamu dha. Sadarkaa Maayitoosisii hirmama seelii kana bakka afuritti qooduun ni danda’ama. Kunis piroofeezii, meetaafeezii , anaafeezii fi teeloofeeziidha.

A. Piroofeezii

Saadrkaan piroofeesii maaliin amaleeffama?

Maayitoosisii keessatti sadarkaa jalqabaa fi isa dheeraadha. Gochaaleen kan sadarkaale biraa irraa addaan baasuu :

  • Kiroomaatiniin wal-horee (duplicated) wal-seenuudhaan kana jechuun furdachuu fi gabaabachuudhaan kiroomosomsii akka qaama addaatti mul’atu uumuu jalqaba. Wantootni kiroomaatinii wal-seenan kiroomaatidii cimdiiwwan obbooleeyyii wal-fakkaatan iddoo seentiromerii irratti Walitti hidhamaa ta’anii mulatu.
  • Seemtiriyooliin kofa sirrii uumuudhan dhuma (maddii) seelii irraatti argaman gara dhuumaa/fallaa/seeliittii socho’uu.
  • Ispindiiliin hojjetamu jalqba
  • Membireenii niyuukilaarii caccabuu jalqaba.
  • Niyuukiloolaayiin dhuma sadarkaa kanattii ni bulbuulama.

             Fakkii: sadarkaa Piroofeesii

B. Meetaafeezii

Sadarkaa meetaafeeziitti gochaalee gurguddoo raawwataman keessaa membireeniin niyuukilarii guuttummatti caccaba.

Kaayinetokooreen maayikirootubiliin seentiromeeri kiroomsomsii gara wa; akkaa ispindiilittii harkisa: Kiromosomsiin gara gidduu seeliitti socho’udhaan gidduu ispindilii irraa of tessisu. Iddoo isaan ispindiilii irraa taa’an Kun pileetiimeetaafeezii ykn Iwuketeeri jedhamee beekama. Tokko tokkoon obbooleeyyan kiroomatiidii kiroomsomsoota iddoo seentiromeeriitttii xiqqoo adda siquudhaan gara alaa poolii seelii deemudhaaf of-qopeessuu, gochaaleen kun dhuma sadarkaa kana agarsiisa.

     Fakkii: sadarkaa Meetaafeesii

C. Anaafeezii

? Anaafeeziin maayitoososii maaliin amaleeffama?

Sadarkaa kana keessatti

  • Seentiromeeriin ni cita, maayikirootubiliin immoo kaayinotokoorii dhuma irrattii diippooliimeeraayizii ta’u jalqabu. Tokko tokkoon obbolleeyyii kiroomaatiidii kiromosomsii seentirimeerii irratti wal-irraa cituudhaan gara faallaa poolii seelittii socho’u. Kiromaatidiin kun kiromosoomsii jedhamu. Yemmuu kiromosomii dhuma poolii lamaan seelii ga’e, sadarkaan kun ni raawwata.

                 Fakkii: sadarkaa Anaafeesii

D.Teloofeezii

Sadarkaan kun kan calqabu yammuu kiroomosomsiin adda citee poolii seelii ga’udha.Asitti faallaan gochaalee adeemsa piroofeezii baay’een isaanii ni raawwatu.Adeemsi saayitookaayinasisii itti aanuudhaan ni calqaba.

Fakkii: sadarkaa Teloofeesii

3.5.2.2 Meeyoosisii

Meeyosiisiin maali? Maaliin amaleeffama? Orgaanizimootni saalaan wal horan, fertilaayizeeshiinii fi meeyoosiisiidhaan amaleeffaman. Adeemsii lamaanuu marsaa jireenyaa isaanii keessatti iddoo ta’e tokkootti jiraachuu qabu.

Fertilaayizeeshiiniin walmakuu hanqaaquu fi sanyii kormaa, jechuun gaametoota haapiloodii wal-qunnamuudhaan, zaayigootii daayipilooyidii umudhaaniidha. Adeemsa hirmama maayitoosisiitiin zaayigootiin gara micireettii, micireen immoo gara ga’eesaatti guddachaa deema. Walitti dhufeenyii gaameetoota lakkofsa kiromosomoota zaayigootii umaamu keessatti waan ciimdeessuuf (doubles) marsa jireenya iddoo ta’e tokko keessattii adeemsii deebi’ee walakkaatti isaan kutu qabachuun barbaachisaa dha. Adeemsi kun immoo meeyoosiisiidha.

? Adeemsa meeyoosii keessatti seeloota jarreen kamtu omishamaa? eessatti raawwatama?

Meeyoosiisiin jeermii ykn seeloota saalaa gaggeeffamuu fi lakkoofsi kiromosomoota walakkadhaan hir’isuudhaan amaleeffama. Seelootni ilmoo walakkaa lakkoofsa walii gala kiromosomotaa seelii warra keessa jiruu qabatantu omishamuu.

Fakkeenya

Seelootnii ilmoo meeyootikii haapilooyidii bu’a (firii) warraa daayipilooyiditti

2N ____ N qofa

46 _____ 23

Uumamni daayiplooyidii immoo kan deebi’uu fertilaayizeeshiniidhaan.

Sadarkaan hirmama meeyoosisii baayyee wal-xaxaa fi faayidaa adda kan qabuudha. Wal makuun (recombination) odeeffannoo dhaala sanyi orgaaniziimii adda addaa lama gidduutti raawwatuu akka hirmani kun baayee bu’a qabeessaa fi barbaachiisa ta’ee mirkaneessa. Mallii baayee beekamaan dhaallii sanyii ittiin wal-maku yemmuu feertilaayizeeshinii warrootni lamaan kiromosomoota walitti gummachuudhaan (donation) dhalattootaaf wal-makaa odeeffannoo jeenetiksii kennuudhaani dha.

Gabaabumatti adeemsi meeyoosisii fi feertilaayizeeshinii lamaanuu amaloota orgaanizimoota saalaan wal-horaani yemmu ta’an akka wal-duraa boodatti lakkofsa kiromosomsii walakkeessu fi cimdeesuudhaaf gargaaru.

Gaaffii

Meeyoosisiin maal akka ta’ee fi barbaachisummaa lakkoofsa kiromosomsii walakkadhan hir’suun maal akka ta’ee gareen irratti mariyadhaatii dareef gabaasa godhaa?                              Meeyoosisiin hirmama niyuukilaarii wal-irraa hin cinnee lama meeyoosisii I fi Meeyoosisii II jedhaman qaba.

1. Meeyoosisii (MeI)

? Kaayyoon meeyoosisii I maalidha?

Hirmamni meeyootikii duraa adeemsa amalootnii addaa fi walxaxaa hundii keessatti mul’atudha. Yemmuu hirmama kanaa, Lakkoofsii kiromosomota haala daayipilooyidii irraa haapilooyidiitti waan hir’atuf hirmama hir’isa (reduction) jedhame beekama. Akkuma maayitoosisii, ibsuuf hirmaamni meeyoosisiis sadaarkaa afuriin raawwatama.

  1. Piroofeesii I

? Wal-fakkeenyaa fi garagarumma piroofeezii maayitoosii fi meeyoosisii maal? Sadarka meeyootikii (I) adeemsa wal-xaxa fi addaa meeyoosisii fi maayitoosisii addaan baasaan ittii raawwaatanidha. Kara baayyeedhaan piroofeezii maayitoosisii wajjiin wal-fakkeenya haa qabaataan illee garagaarummaa bu’uraa armaan gadii qabu.

  • Kiromosoomotni hoomologoosii cimdaa’uu dhaan baayivaaleentii kiroomatidoota afur qabu uumu.
  • Sinaapsisiin (saayinapsii) ni raawwata-kiromosoomotnii pirootinoota “syneptonemal complex “ jehamuun  walittii qabatu.
  • Wal-qaxxamurun kiroomatidii ni raawata (Crossing over)

Adeemsa ciituu fi walitti deebi’u fiizikaalaa kiromaatidoota miti obbolleeyyii kiromosomsii irraa wal-jijjiirra wantoota jeenetiksii gaggeessuuf hojjeetamu dha.

Yemmu wal-qaxamura kiroomatidii kan wal-jijjiirran dhaala sanyii (Genetiic change) baayee barbaachiisaa ta’ee ittii raawaatuu dha. Akkaamitti?

  • Kiyaasmata ni hojjeetama.
  • Pirootinootnii “Syneptonemal complex” Wal-gadhiisuudhaan kiromosomotnii wal irraa deemu jalqabu (baayivaaleentiin wal dhiibuu jalqaba). Haata’u malee iddoo kiyaasmata irratti kiromosoomotnii walitti hidhama ta’anii turu.

                       Fakkii: sadarkaa Piroofeesii I

B.Meetaafeesii I

? Meetaafeesii I maaliin amaleeffama? Meetaafeesiin adeemsa Me-I keessatti yemmuu baayivaleentiin ykn kiromosomootni homologoosiin ciimda’an walakkaa ispindilii qabatanuu dha. Kiromosomootni homologoosii akka taasaa gara gidduu seeliitti sochauudhaan walakkaa  ispindilii irraa of taassisan. Wayitii kana baayivaaleentiin ispindilii irratti kan qabatu seentiiromeerii isaanii gargaaramudhaan. Erga ispindillii irratti qabatani, oggasuma harkootnii (arms) kiroomaatidootaa gara keessa seelii seentiromeriin isaanii immoo gara poolii seelitii jallata.

             Fakkii: sadarkaa Meetaafeesii I

C.Anaafeesii I

Sadarka adda ba’uu (cituu) kiromosoomota hoomologoosii (tokkoon kiromaatidi cimdii irraa hojjeetame) fi sochii isaan gara poolii faallaatti godhaniin amaleeffamuudha. Addaan ba’iinsii kiromosoomota hoomologoosii kun immoo lakkofsa kiromosoomota daayipilooyidii (2n) irraa gara haapilooyidiitti (n) akka hir’atu godha.

          Fakkii: sadarkaa Anaafeesii I

D. Teeloofeesii I

Sadarkaan kun kan jalqabu yeroo kamii? Maaliin amaleeffamu? Teeloofeesii I kan jalqabu yemmu hoomologoosiin kiromosomii adda ba’ee (cite) ( kan kiromaatidii mitii obboleeyyii qaban) poolii seelii ykn maddii seelii gahee dha. Gochaaleen asitti gaggeeffaman faallaa piroofeesii maayitoosisii fi meeyoosisiiti.

Fkn. Ispindiliin ni caccaba, (bada), membireeniin Niyuukilaarii ni hojjeetama. Niyuukilaarii ni deebii’a.

Dhuma irratti saayitookaayineesiin (furrow cleavage) uumudhaan seeliin akka bakka lamattii adda ba’u godha. Kana irraan niyuukilaariin seeloota laman umamanii sadarka cee’umsa Interkaayinesisii jedhamu galu.

              Fakkii: sadarkaa Teloofeesii I

2. Meeyoosii II

? Kaayyoon Me-II maal isinitti fakkaataa?

Meeyoosiisi II hirmama maayitoosisii wajjiin kan wal-fakkaatudha. Addaan ba’insii kiromosoomota hoomologoosii duraan hirmama Meeyoosiisi I tiin waan gaggeeffameef, kaayyoon Me-II kiromatiidoota addaa basuudhaa fi seeloota ilmoo lama tokkon tokkoon firii (bu’aa)

Meeyoosiisi –I irraa omishuudha.

Wanti- Me-II adda godhu, seelootnii omishaman qulqullinaan (qualitatively) walakkaa (½) Wantoota jeenetiksii seelii duraa qabachuudhaanii. Akkuma maayitoosii fi meeyoosisii- I, hirmamnii kun adeemsa wal irra hin cinne fi wali-irra bu’uun (over lapping) kan raawaatamudha. Isaaniis:- piroofeesii-II Mettaafeesii II, Anaafeesii- II fi teeloofeesii – II dha.

 Gaaffilee of-madaaluu

  1. Genetiksii jechuun maal jechuudha?
  2. Mandal Sababoota maaliif atara filate sitti fakkaata?
  3. Kiroomoosomiin maalirraa akka uumamu ibsi.
  4.  R= Aleelii saynii Diimaa   r= Aleelii sanyii gurraachaa yoo ta’e

Punnett square fayyadamuun Fenootaayippii fi Genootaayippii

 A. F1 generation (dhalattoota jalqabaa)

 B. F2 generation (dhalattoota lammaffaa) fi reeshoo genootaayippii dalattoota lammaffaa barbaadi?

  • Wal-fakkeenyaa fi garagarumma piroofeezii maayitoosii fi meeyoosisii maal?
  • Atara keessatti dheerinni (T) gabaabbina (t) irratti, halluun Diimaan qola sanyii hinbilchaannee (R) Adii (r) irratti amala doominaatummaa qaba. Kana irratti hundaa’uudhaan gosoota gaametii fi dhalattoota diqaalessuu armaan gadii keessaa bahuu danda’an tarreessi.

   1/ TtRr X TtRr   

   2/ TtRrX TTRr      

   3/ TtRr X Ttrr

  • Homoozaayigootii kan ta’e kami? A. AA B. aa C.Aa D. Hunda E. A fi B
  • Heetiroozaayigoosii kan ta’e kami? A. TT B.Tt  C. AA D.tt  E. B fi D

BOQONNAA AFUR – JIJJIIRAMA SUUTA SUUTA (IVOLUUSHINII)

Seensa

Lubbu-qabeeyyiin hundi yeroo ta’e tokkotti sanyiwwan lubbu-qabeeyyii garaagaraa irraa adeemsa jijjiirama suuta suutaan dhufani. Involuushiniin jijjiirama suuta suutaa wal-irraa hin cinnee lubbu-qabeeyyiin gaggeesani dha. Lubbuu qabeeyyii keessatti uumamni bifa salphaa irraa gara wal-xaxaatti, Orgaanizimoota seel-qeenxee baakteeriyaa irraa gara organizimoota sadarkaa olii jiraniitti adeemsa jiijjiirama suuta suuta keessaa akka darban ni amanama. Kunis sadarkaa keemikaalaatti, Orgaanizimitti fi hawwaasaatti ta’u ni danda’a.

Kaayyoo Boqoonichaa

Xumura boqonnaa kanatti leenjifamtoonni:

  • Tiwoorii uumamaa lubbuu ni ibsu
  • .Ragaalee jijjiirama suuta suutaa ni tarreessu
  • Adeemsa jijjiirama suuta suuta ni ibsu
  • Tiworii Involuushinii Tiwoorii Ivoluushiini Daariwiniin dura (Laamarkii fi Amaloota Argannaa)
  • Daarwiniin dura falaasamotnii fi beektonni seenaa uumamaa waa’ee jijjiirama lubbuu bifa salphaa irraa gara walxaxaatti akka ta’e yaada kennaa turaniiru

Gaaffii 

  • Falaasamootni/saayintistoonni Daarwiniin dura fi daarwinii booda, fi saayintistoota bara isaa kitaaba wabii dubbisuudhaan waa’ee ivoluushiin ilaalchisee yaada qabdan dareef dhiyyeessaa.
  • Chevilar di-Laamaarkiin muziiyamii seenaa uumamaa, paaris, Faransaay keessatti proofeesara kan turaniidha. Bara 1809 A.L.A kitaaba tiwoorota armaan gadii irrati maxxansani.

Tiwoorii Fedhii (Theory of Need)

  • Akka tiwoorii kanaatti biqiltoonni caasaa haaraawaa qaama bineensa irratti kan inni dhufu sababa fedhii bineensa sana irraan kan ka’edha.

        Tiwoorii fayyadamuu fi al-fayyadamuu qaama

  • Guddinni qaamootaa fi dandeetti dalagaa isaanii faayidaa isaani wajjiin hariiroo kallattii qaba. Karaa biraatiin al-fayyadama qaamoota, suutasuutaan faayidaa dhabuu yookaan badinsa qaama sanaa qaqabsiisa. Fakkeenyaaf akka amantaa lamaarkittii mool-raatonni (molrats) kan jedhaman yeroo isaanii baayiinaan dukkana keessatti yookaan uraa lafa jala keessatti wanta dabarsaniif.

Tiwoori dhaala Amaloota Argannaa

Jijjiirama umurii (bara jireenya) orgaaniizimoota hundi kara adeemsa wal-hormaata gara dhala isaaniitti dabarsu. Yaada akkanaa burqisisaa kan turan, filoosofarootaa fi beektoota seenaa uumama kan akka Aristotillii fi Buffoni turani. Akka tiwoorii kanaatti Laamaarka kan jedhu saatawwaan mil-dheeroo fi mormadheeroo firii dhaloota miila gabaabo fi morma gababoo turan saatawwaan kuniin morma, miila dheeroo kan argatan baala mukoota dheedheeroo soorataa akkuma dhufaniinii. Kan jechuun tokkoon tokkoo dhaloota mormaa fi miila xiqqoo dheera kan argatee warra isaanii irrani. Kunisi adeemsa keessa saatawwaa miila dheeroo fi morma dheero amma jiran

argamsiisa.

Fakkii.4.1. Tiwoorii Lamaarkii dhaala  amaala argannaa saatawwaa

Yeroo amma tiwoorii Laamaarkii fudhatama hin qabuu.Yaada kana fudhatamaa dhabsiise keessa nama Aguusti Weesmaan kan jedhamuun yemuu ta’u inniis yaalii hantuutoota  eegee isaanii irraa deedeebiyee kutuudhaan, dhaloota 22 irratti gaggeeffameen ilmooleen hundinuu eegee kan qabaan ta’ee argame.

Gocha .

Tiwooriin Laamarkii maaliif yeroo amma fudhattama dhabee? Fakkeenya adda addaa fudhachuudhaan mee gareen irratti mari’adha.

  • Charlees Dariwiinii fi Filannoo Uumama

Chaarlas Daarwin naachuraalistii fi filoosofarii beekama jaarraa 19ffaa jedhu irratti namoonni baayyeen irratti waliigalu. Bara ijoollummaa isaa Daariwiin uumamaaf ilaalcha guddaa qaba ture. Bara 1831 A.L.A umurii 22, doonii HMS Begaalee Worannaaf gara Galaana Naggaatti yemmuudeemtu akka naachuraalistii ta’e deemu affeerame. Dooniin kun waggoota shaniif, kaartaa kaasuu fi sanyii biqilootaa fi bineensota Ameerikaa Kibbaa fi edo’oota kibba keessatti argamaan sassaabuf ergamte turte.

Gaheen Daarwiin donii kana keessatti qabu daawwannaa diirree gochuu fi sanyii biqilootaa fi bineesooti walitti qabu ture. Bu’uurri yaadni Daariwinii yaada Chaarlas Lalayalii fi Tomaas Maltusii irratti kan hundaa’e ture.Akka amantaa Laayaalitti kattaan lafa kanaa uumurii dheeraa qabaniin kan uumamaniis jijjiirama ji’oolojikaalawaa, suutaa fi dheeraa wal irra hin cineen. Yaada laayaalii kana bu’ura godhachuudhaan, Daariwin lubbuu qabeeyyiin dachee (lafa) kana irratti jiraatan jijjiirama suuta suutaa fi dheera wal-irra hin cinne keessa darbuu qaban jedha. Daariwiin qoranno isaa irra eega deebi’ee booda barreeffama maaltusinis, pooppuleeshinii irratti barreesee dubbise. Akka amantaa Maaltusitti,  uummanii (population) oomiisha nyaata caala daddafee guddata. Kan jechuun uummanii  kan dabalu haala ji’oomeetrikaawa yoo ta’u oomishiini nyaataa kan dabalu haala artimeetikaawa akka ta’e mirkaneessee ture. Kanaafuu,uummanii qabeenyaawan bu’uraa kan akka nyaata,  bishaan, bakka jireenyaan yoo hin to’aatamne dabaluu itti hin fufu.

Daawwannoo Daarwiin

Daariwiin yaada dimshashaa inni kennee wantoota bu’uura ta’an daawachuudhaan kan hubannoo argateedha. Innis akka armaan gadiitti ibsamu.

  1. Fakkaanditi (Oveer Production)

Lakkoofsi ilmooleen sanyiwwaaniin uumamaani heddumiinaan jarreen kan jiraatanii fi wal-horu akkasumas dandeetti wal-hormata kan gahaan irra caalaadha, Jechi kun yemmuu ibsamuu orgaaniizimoonni uumamaan dandeeti wal-horuu guddaa qabu. Fakkeenyaaf gaametootni dhalaatiin omishamani hunduu otoo gaameetoota dhiiraa waliin farilaayizdi ta’anii, isaan hundinuu otoo guddatanii lafti ji’ota muraasa keessatti ni dhiphata ture. Hata’uu malee kun ta’u hin dandeenyee. Dariwiin kan irra ka’udhaan jiraachuuf wal dorgoomiin sanyiiwaan jidduu akka jiru hubaachuu dandaheera.

  • Jiraachuuf Dorgommii Taasisuu

Uummanii hundiinuu baay’inniisa kan murtaawu ta’iiwwaan naannoo adda addan kan akka argachuu nyaata, iddoo jiraatan, fi ifa aduu kan kana fakkaataniindha. Hanqiinniiwwan maddeewwan armaan oli gara dorgoomii hamma ta’eetti ni geessisa. Dorgoomiin kunis kan raawwatuu sanyiiwwan walfakkaatuu fi sanyiiwwan adda addaa jidduutti raawwatama. Sababoota dorgommii adda addaa jiraachuuf godhameen kan ka’ee jarreewwan warra naannoo haaraatti baran qofatu jiraachuu  dandaahuu kan haafaan immoo ni du’u. Jeechii kunis akka piriinsipiilitti qabsoo jireenyaa jedhama. Walumagalaatti uumaatni hanga naannoon deggartu hammaan dabaluu ni dandahaa sana ta’u yoo baate garuu dabaluu hin dandahuu. Kunis madaallii uummata akka eegsisu ni godha.

  • Addaa Addummaa

Orgaanizimooni sanyi tokko wal hin fakkatani: amaloota gara garaa agaarsiisuu, garagaarummaan kun jijjiirama agarsiisaa, adda addummaan kun gara ivoluushiini ti kan ceesiisudha.

Gocha .

Daarwiin daawwannoo isaa keessatti maal maal akka ilaale kitaaba wabi dubbisuudhaan daree keessatti dhiheessaa.

Daarwiin dawwaanno isaa irraa ka’udhaan yaadaa isaa akka armaan gadiitti ibsu yaale.

  1. Dorgoommiin wal irraa hincinne orgaaniziimoota gidduu, qabeenya naannootiif taasifamu, qabsoo jireenyaa uumaa: kun immoo orgaaniiziimoonni muraasni akka jiraachuu fi wal horuu hin dandeenye godha.
  2. Sababa orgaanizimoonni hundi adda addumma agarsiisan gosoonni muraasni warri amaloota garii argatan gosoota hafan caalaa caraa filatamuu fi wal-horuu argachuu ni-danda’u. Kanaafuu, orgaanizimoonni carraa filatamuu argatan, dhaloota dhufuttis ni abboomu.

Gocha

Mana kitaabaa deemuudhaan kitaaba wabii dubbisuudhaan,

  1. Fakaandiitii
  2. Jiraachuuf dorgomuu
  3. Addaaddummaa irrtti erga mar’atanii booda daree keessatti marii taasisaa.
  4. Garaagarumaa fi wal fakkatiinsa laamaarkii fi Daarwiin tiwoorii uumamaa sanyii irratti qaban ibsi.
    1. Niiyoo- Daariwiniiziimii

Daariwiinii erga maxxansaa waa’ee tiwoorii filannoo uumamaa adeemsisee booda qorannoo hedduutu gaggeeffamee, bu’aan qorannoo kanaas tiwoorii darwiin kan foyyeessuu ta’e argame. Yaada Dariwiin warra gabbiisaan keessaa saayintistoota kan akka Mediil fi waayisanii. Hunduma keessa Mendiil, tiwoorii Dariwiin akka ol guddatuu kan taasiiseedha. Kun immoo salphuumatti yemmuu ibsamuu tiwooriin filaannoon uumamaa amaloota dhaala sanyiitii kan jedhu dha. Yaada rime kana raga ammayya irratti kan hundaayyee, fkn jeentiksii Mendiilii fi booda Mendiil bayoloojii molekiyuulaara, paleentoloojii fi ikoloojidha.

Yaada rimeen ammayyaa jenetiksii kan ibsu, addaaduummaan kana dhufuu, muteeshiin fi jeneetikii riikombaayineeshiinii adda addummaan jeneetikii orgaanizimii tokko keessatti uumamuu qaama orgaanizimii ala keessatti ni mul’ata. Kanafuu,Orgaanizimooni  tokko tokkoo biro irra caalaa naannootti madaquudhaan jiraachuuf wal horuu dandahuu. Yemmuu filannoo uumamaa gaggeeffamu piroopoorshiinii addaadduma jenetikii ummataa sanyii tokko keessa jijjiirama ni agarsi

Adeemsa jijjiirama suuta-suutaa jiraachuu isaaf ragaaleen mirkanneeffamu qaba. Ivoluushiinin adeemsifamuu isaa kan mirkaneesaan, ragaalee kan akka paaliyontooloojii, raga Anaatomii, raga dagaagina miciree ( imbiriyoloojii), raga baayo-keemistirii fi maxxiqeessuu biqilootaa fi bineeldotaati. Jijjiiramni suuta-suutaa kan wal irraa hin cinne lubbu-qabeeyyii hunda keessatti adeemsifamuu ivoluushiini yemmu jedhamuu kunis ragaalee armaan olitti  xuqamaniin kan mirkaneeffameedha.Beekumsa ivoluushinii cimsuuf saayintistoonni ragaalee beekumsa adda addaa dameewwan baayoloojii garaagaraa irraa raga walitti fiduuf yaalii godhanii jiru.

Foosilii jechuun haftee orgaaniizimoota kanaan dura lafa kana irra jiraatanidha. Hafteen,qaama orgaanizimii guutuu, lafee fi impreeshini ta’uu ni danda’a. Hafteen baay’ee kan argamu kattaa sedimantarii keessatti suutasuutaan hafteen haaraa haftee moofaa irratti tuulamaa deema. Kanaafuu baqqaanni jalaa dhiibbaa gubbaatiin cimaa deema. Yeroo dheeraa keessatti adeemsa ji’ooloojikaawaatiin hafteen jalaa garagalee gubbaa ta’a, hafteen haaraa jala oolu ni danda’a. Hafteewwan akka warra giddugaleessatti argamaan jedhamani tokko tokkoo keessaa:

  1. Arkiyoo piriraaksii –Caasaa giddugaleessa repitaayilootaa fi allatoota  jidduu jiru.
  2. Semurriyaa-Caasaa giddugaleessa amfiibiyaanotaa fi reptaayiloota jiddu jiru.
  3. Saayinoogaantaa- haftee reptaayiloota  fi hoosiftoota wal-qabsiisuu.

Kan biro baayyee gammachiisaa ta’e haftee galmee fardaa fudhatamaa argateedha. Waa’ee ivoluushiinii ammayyaa fardaa kan qaceen isa Ikuus jedhamuutii. Akka amantaa jirutti farda durii qaccee Ii’ohiippiis fi farda ammayyaa jidduu sanyiiwwan giddu galeessa hedduun akka jiraatani kan agarsiisuu dha. Ivoluushiiniin Fardaa kan mul’isuu wal-duraa duubaan guddinna fardaa fi dheerina harkaa fi lukaa, gabaabbachuu qeensaa, jabiina qeensa isa sadaffaa fi guddiin ilkaani isa dhumaa (Aaroo dhadhamaq jala fi irraa) kan agarsiisuudha.

Gocha

  1. Bu’aan haftee gidduu galeessa tiwoorii ivoluushiniif qabu maalii? Akka fakkeenyaatti Arkiyoo piriraaksi (Archaeopteryx), semuriyaa (semouria) saayinoogaantas (cynoganthus) fudhachuudhaan yaada  kana ibsuuf yaala.
  2. Ivoluushiinii farad ammayyaa (modern horses) irratti daree keessatti mariitaasiisaa. Yeroo marii’attan caasaalee adda addaa irratti xiyyeeffannaa gochuu hin dagatiinaa.
  3. Galmeen haftee orgaanizimoota hedduu kan hin argamneef maaliif sitti fakkaataa?
  • Ragaa Anaatoomii

Caasaan homoologasii maali?

Caasaalee bifaan taa’umsa qaamaan fi daggagina micireetiin wal-fakkaatinsa kan qaban ta’anii, sanyii adda addaa keessatti faayidaan gargar kan ta’ani dha. Faakkeenyaaf vertabireetota miila arfee: amfiibiyaanota, reepitaayiiloota, allaattoota, hoosiftoota, akka waliigalaatti quba shan qabu. Hundin isaan haala waligaalaan yoo walfakkaatanillee faayidaan adda: Fkn sinbirri halkanii balaliluuf, weeliin daakuuf, namni qabachuuf, fardii fiiguuf, Xaddee boolla qotuuf itti gargaramu.

Caasaan miil-duree (forelimbs)  namaa, adduree, weelii fi kan sinbirree halkanii baay’ee wal-fakkataa dha. Innis akka fakkii 4.2 armaan gadii irratti mul’atuudha.

Fakkii 4.2. Caasaa homoologasii miil-duree hoosiftootaa

 Caasaa Anaalogasii

Anaalogasiin maali?

Caasaalee faayidaanii fi caasaa alaatiin walfakkaatan ta’ani, kan uumamaan wal hin fakkaanneedha.Walitti hidhata ivolushinarii hin mul’isan.

Fakkeenya: Koochoo, allaattii fi titiisa

Gaaffii

  1. Ilbisoonni adda addaa afaan caasaan wal fakkaatu qabu. Hataa’u malee afaan isaani haala gosa nyaata sooratatiin faayidaa adda addaa kan ta’anidha. Caasaan akkanaa kun, homoologasii moo anaalogasii jedhamaa?

4.2.3. Ragaa Imbiriyooloojii (Dagaagina Micire)

Imbiriyooloojiin maali?

Imbiriyooloojiin saayinsii waa’ee dagaagina miciree qoratuu dha. Dhuma bara 1800 saayintistoon akka micireen bineeldoota jalqaba guddina irratti adda addaa walfakkaatinsa agarsiisu hubatan. Yeroo tokko tokko wal fakkatinsa miciree vertebreetoota adda addaa sadarkaa walfakkaatinsi isaanii addaan baasu hin dandeenyetti gahuu danda’u. Walfakkaatinsi miciree kun qaama alaatiin qofa osoo hin ta’iin, qaama keessaa kan akka toora dhiiga rabsituu fi caasaa onnee dagaaguun wal fakkaatu. Walfakaatiinsii akkasi saayintistiin yaada jijjiirama suuta-suutaa keessatti orgaaniziimii akkaakilee tokko (common ancestor) qabu jedhu akka dhiihessan taasise.

Download Handouts

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.