General Biology II – Biol 222

Koorsii:                                          Bayoloojii Waliigalaa II

Lakkoofsa Koorsii:                        Biol. 222

Kireeditii /Credit Hour/:                 3

Yeroo walargaa/contact hours:      Sa’atii 7 (4 lekcharii fuulafulaan, Lab. Sa’atii 3/ torbeetti)

Kan kennamuuf:                              Baarattota Saayinsii Walsimataa Dippiloomaa (Kutaalee5-6f)

Ibsa koorsichaa

Koorsiin kuni matadureewwan siilabasii kutaa 11-12 keessaa filataman kan hammatu fi akka ce’umsaatti kan fudhatame dha. Koorsii kana keessatti, boqonnaan tokko prinsipilootaa fi sadarkaalee goseessaa hammata. Boqonnaan lama waa’ee baayoloojii Namaa ta’ee as keessatti faayidaalee sirna qaamaa irraatti kan  xiyyeeffatu dha. Boqonnaan sadii waa’ee fayyaa fi dhukkubaa kan jireenya miidhu ilaallata

Koorsiin kuni itti dabalees, adeemsa baruu-barsiisuu keessatti barattootni mala rakkoo hiikuu akka dagaagfataniif gochaaleen adda addaa /practical activities/ kennamanii jiru. Dalagaaleen  Laboraatorii yeroo fi seemisteera kenname keessatti xumuramuu qabu. Dabalataanis baratootaaf, qajeelfamoonni adeemsaa (procedures), mateeriyaalotaa fi gaaffileen shaakalaa gareen ykn dhunfaan kan kennaman ta’u.

Kaayoo Koorsichaa

Xumura boqonnaa kanaatti barattoonni:

  • Barbaachusummaa ramaddii ni himu.
  • Sanyii, sirna moggaasa maqalamee fi maalummaa maqaa saayinsawaa ni ibsu.
  • Fakkeenyawwan maqaa saayinsaawwaa barreessuu ni danda’u.
  • Biqilootaa fi bineeldota , nama dabalatee, bu’uura gareewwan ramaddii isaaniitiin ni ramadu.
  • Dalagaalee sirna bulleessuu soorataa tarreessu, fakkii sirna bulleessuu soorataa kaasuun
  • Caasaalee sirna hargansuu namaa adda baasuun dalagaa isaanii tareessu;
  • Dhukkuboota sirna hargansuu (aneemiya fi dhiibbaa dhiigaa) tarreessuun ibsu.
  • Caasaa fi dalaga sirna neervii addda baafatu;
  • Garaagarummaa xannachoota indookiraayinii fi eksookiraayinii hubatu;
  • Caasaalee adeemsa usaansaa keessatti hirmaatan tarreessuun ibsu.

BOQONNAA 1:           RAMADDII LUBBU QBEEYYII

Xumura boqonnaa kanaatti barattoonni:

  • Barbaachusummaa ramaddii ni himu.
  • Sanyii, sirna moggaasa maqalamee fi maalummaa maqaa saayinsawaa ni ibsu.
  • Fakkeenyawwan maqaa saayinsaawwaa barreessuu ni danda’u.
  • Biqilootaa fi bineeldota Nama dabalatee, bu’uura gareewwan ramaddii isaaniitiin ni ramadu.
    • Amaloota ittiin beekaman irraatti hundaa’uun mootummoota moneeraa, pirotiistaa, fangasootaa, biqilootaafi bineeldotaa gargar ni baasu.
    • Bidoollee, soorannoo, walhormaataafi barbaachisummaa orgaanizimoota mootummoota moneeraa, pirotiistaa, fangasootaa, biqilootaafi bineeldotaa bakka bu’oo ta’an jechaan ni ibsu.

1.   Ramaddii  lubbuqabeeyyii

Ramaddiin lubbuqabeeyyii bu’uura amala waliin qaban irratti hundaa’uun lubbuqabeeyyii walfakkaatan walitti garteessuu dha. Dameen barnoota baayoloojii waa’ee ramaddii qo’atu taaksonoomii jedhama. Lubbuqabeeyyii walitti garteessanii ramaduun maaliif barbaachise? Sababnisaa lubbuqabeeyyiin addunyaa kana irratti argaman lakkoofsaafi akaakuun danuu dha. Tilmaami saayinsaawwaan as dhiyoo ta’e akka agarsiisutti sanyiwwan lubbuqabeeyyii miliyoona sagalitti siqanii argaman keessaa miliyoonni 6.5 lafa irra jireeyyiifi miliyoonni 2.2 immoo bishaan keessa jireeyyiidha. Kanneen keessaa miliyoonni 1.5 qoratamanii addaan baafamaniiru. Waggaa waggaan kanneen dabalataan adda baafamuun itti dabalamanis kumaatamaan lakkaa’amu. Kanaaf sanyiwwan lubbuqabeeyyii heddummatoo kana qorachuuf falli saayintsistootaaf salphaa ta’e lubbuqabeeyyii walfakkaatoo gartuutti ramaduun itti dabalaa adeemuudha. Ramaddiin lubbuqabeeyyii ofiisaatii pirinsippiloota hordofee garee guddaa gara garee xixiqqaatti qoodu ni qaba. Fakkeenyaaf caasaa alaafi keessa nafaa, walhormaata, sochii, dalagaa caasaa qaamaa, qabiyyee baayookeemikaala nafaa, kkf, irratti hundaa’a.

1.1.   Pirinsippiloota ramaddii

Ramaddiin lubbuqabeeyyii yommuu gaggeeffamu seeraa fi sirna mataasaa hordofee adeemsifamu qaba. Mataduree kana jalatti xiyyeeffannaan itti kennamee kan ilaallus pirinsippiloota kanneefi

sirnawwan ramaddii garaagaraa dha. Sirna ramaddii lubbuqabeeyyii keessatti pirinsippiloonni bu’uuraa keessaa muraasni:

1.       Ulaagaa qorannaa caasaa ala qaamaa (morphological criteria):

Amalawwan ala caasaa qaama lubbuqabeeyyii hedduu fayyadamuun ramaddii gaggeessuun daran bu’a qabeessaa dha. Ramaddii biqilootaa keessatti caasaa alaatiin kanneen walfakkaatan walitti garteessuu dandeessisa. Haaluma kanaan hariirowwan gidduu biqilotaa fi garaagarummaan caasaa alaa irratti mul’atuun biqiloota addaan baasuun ni danda’ama. Gareen biqilootaa garaagarummaa hedduun gidduu isaaniitti argamu akka walitti firoomoo hin taanetti ykn wal irraa fagaatanii firoomoo akka ta’anitti fudhatamu. Fakkeenyawwan caasaa morfoloojii boca sanyiifi, baala, dheerina hojjaa, teessuma habaaboo, halluu habaaboo, kkf eeruun ni danda’ama.

Shaakala 1.1 : Fakkeenyawwan caasaa morfoloojawaa biroo terreessi!

2.       Seenaa jijjiirama suuta suutaa (Phylogenetic considerations):

Text Box: Shaakala 1.2
1)	Seenaa jijjiirama suuta suutaa lubbuqabeeyyii maaliif gargar ciccitaafi hanquu ta’a?
2)	Haala sirni ramaddii jijjiirama suuta suutaa ittiin daagaagu ibsi?

Duraaduubummaa jijjiirama suuta suutaa keessatti gurmaa’ina gareewwanii jiru kan bu’uura godhate dha. Dabalataan walfakkeenyawwan gama amala dhaalaa (genetic)tiin jirus kan calaqqisiisu dha. Garuu, seenaan jijjiirama suuta suutaa lubbuqabeeyyii gargar ciccitaafi hanquu waan ta’uu danda’uuf yeroo ammaa kana sirna ramaddii uumamaa waliin wal-utubsiisuun ittiin hojjetama. As keessatti wanti hubatamuu qabu taaksonoomii ammayyaa keessatti ramaddiin yammuu taasifamu odeeffannoon birkiwwan garaagaraa (amala dhaalaa, saayitoloojii, ikkoloojii, taaksonoomii keemikaalaa, fi taaksonoomii lakkoofsaa) irraa walitti qabama.

  • Keemikaala taaksonoomii (Chemotaxonomy):

Damee beekumsaa yeroo dhihoo hojii irra oole ta’ee, jiraachuufi facaatii keemikaala walmakoo  adda addaa biqiloota keessatti argaman ramaddiif gargaaramuudha. Gartuuwwan keemikaala walmakoon gara soddomii sadiitti dhiyaatantu ramaddii lubbuqabeeyyii raawwachuuf barbaachisoo ta’anii argamu.

Shaakala 1.3 Gartuuwwan keemikaala walmakoowwanii soddomii sadan maalfaadha?                                                                                                                                                            

4.       Taaksonoomii lakkoofsaa (Numerical taxonomy):

Tooftaa ramaddii odeeffannoo lakkoofsa caasalee organizimii gargaaramuun raawwatudha. Amalawwan taaksonomawaa kutaalee biqilootaa, sadarkaa marsaa jireenyaa irraa fudhataman fayyadama. Odeeffannoon gartuuwwan biqiloota adda addaaf funaaname sirnaan qindeessuun ramaddii gageessuu dha.

Pirinsippiloota ramaddii wajjin wantootni miiltoo ta’an sirnotni ramadiin biroon ni jiru. Isaaanis:

  1. Sirna ramaddii namtolchee
    1. Sirna ramaddii uumamaa
    1. Sirna ramaddii hidda dhalootaa
    1. Sirna ramaddii fenetiksiifi
    1. Sirna ramaddii Kilaadistiksii dha.

i.   Sirna ramaddii namtolchee

Sirni kuni orgaaniziimoota ramaduuf amala tokko /muraasa/ filatamanitti kan gargaaramu dha. As keessatti filannoon amalootaa, yeroo hedduu ramaddii dursee gaggeeffama. Amala addaan baatee tokko waliin qabaachuun tuuta lubbuqabeeyyii walitti garteessuuf ga’aa dha waan ta’eef sirni kun monoozetikii jedhama. Bineeldoti dandeettii balali’uutiin iddoo lamatti qoodamu. Isaanis bineeldota balali’anii fi bineeldota balali’uu hin dandeenye jedhamuun kaa’amau. kana keessatti bineeldota walitti hin firoomnetu walitti garteeffama. Fkn. Billaacha, simbira halkanii fi allaattiwwan. Asirratti wanti hubatamuu qabu billaachi gita ilbiisaatti firoomti, simbirri halkanii gita hoosftootaa jalatti hammatamuu ishee dha. Sirni ramaddii namtolcheen itti dabalataan biqiloota bu’uura hojjaa ykn dheerina qaban qofaan saaxoo (herbs), saaxoo olgaalamee (shrubs), hiddaa (climbers) fi mukeen (trees) jechuudhaan garteessee ramada. Karaa biraa bineeldota lafarra fi bishaan keessa jireeyyii, ilmaan dhalaniifi hanqaaquu buusan,kkf jechuun ramada.

Hanqinoota sirni ramaddii nam-tolchee:

  • Hariiroo uumamaan lubbuqabeeyyii gidduu jiru irratti hin bu’uurffatu,
    • Lubbuqabeeyyii firooma hin qabne walitti gurmeessa.
    • Amaloota barbaachisoo hubannaa keessa kan hin galchinee fi barbaachissummaa jijjiirama suuta suutaa kan hin ibsinee dha. Lubbuqabeeyyii beekaman ramaduuf ykn garteessuuf quubsaa miti.

ii.   Sirna ramaddii uumamaa

Sirni ramaddii uumamaa walfakkeenya amalootaa irratti kan bu’uureffatee dha. Sadarkaa ramaddii keessatti bakki lubbuqabeessi qabatu odeeffannoo hedduu waa’ee lubbuqabeessichaa kan dabarsu dha. Akka sirna kanaatti lubbuqabeeyyiin lakkofsa amalaootai olaanaa walfakkaatu waliin qaban sanyii tokko jalatti ramadamu. Kanaaf sirnichi pooliizetikii jedhama. Ramaddii lubbuqabeeyyii amalootaa lakkoofsa hedduu irratti bu’uureffachuun kan raawwatamu dha.

Amalaoota ramaddii uumamaa keessatti qorataman muraaasni isaanii: Caasaalee alaa, keessaa, caasaalee seelii, dalagaa qaamaa, dagaagina miciree walhormaata, baayookeemistirii, kkf yaada keessa galfamu.

  • Ijaarsa caasaalee yoo biratti ilaalaman walfakkaatanii, fakkeenyaaf gurmaa’ina lafee koochoo simbira halkanii, dolfiinii fi harka namaa. Qaamoleen dagaagina kalqaatiin tokko ta’an daandii jijjiirama suuta suutaa ittiin argamaniin tokkummaa qabu jedhamee yaadama. Qaamoleen akkasii kun caasaalee hoomoologosii jedhama. Caasaaleen hoomoologosii ta’an dalagaa tokko ykn kan garaagaraa raawwachuu dhaaf boceessaman.
  • walfakkeenyi moliikiwulota DNA, RNA fi pirootinootaa yammuu biratti ilaalaman hariiroo lubbuqabeeyyii gidduu jiru bu’uuressuuf gargaaru. Fkn kiromoosomooti ykn dhaalaa sanyii namaa fi jaldeessaa yeroo toora qabsiifaman walfakkaatoo dha.
  • Keemootaaksonoomiin hariiroo gartuu gooree gidduu jiru bu’uuressuu dhaaf gargaara. Fkn beetaasiyaaniniin (betacyanin) halluu diimaa bulbulamuu danda’u hundee diimaa keessatti argamu dha. Biqilaan halluu kana qabeessa ta’e marti oorderii hundee diimaa jalatti garteeffamu.
Text Box: Shaakala 1.4 Biqiloota keessa keemikaalotni faca’anii argaman, Akkuma mootummaa fangasootaaf agarsiifametti, walirraa latiinsa mootummoota biqilaa,
bineeldaa fi pirotistaa keessatti baramoo kitaaba wabii irraa ilaaluun agarsiisi?

iii.    Sirna ramaddii hidda dhalootaa (Phyletic)

Kaayyoon sirna ramaddii kanaa tartiiba uumama lubbuqabeeyyii, amaloota duubatti hafoo (least specialized) qabu irraa eegaluu fi gartuu dagaagina olaanaa qabeessa akka ittiin xumuraatti fudhatame ijaaruu dha. Tokko tokkoon taaksoonii adeemsa daayiversifikkeessuu ykn wal irraa latiinsaa (Fak. 1.1) akaakilee (ancestor) tokko irraa akka dhufan mirkaneessuu yaala.

Hayyoonni ramaddii ammayyaa lubbuqabeeyyii akka ilaalanitti, hariiroon uumamaa lubbuqabeeyyii gidduu jiru firii adeemsa dheeraa jijjiirama suuta suutaadha jedhu. Yeroo dheeraa keessatti Sanyiin jijjiirama suuta suutaa irraa kan ka’e geeddaramee sanyii haaraa akka uumamu godha. Lubbuqabeeyyiin akaakilee tokko irraa dhufan jedhee waan amanuuf lubbuqabeeyyiin walfakkaatu amantaa jedhutu jira

Fak. 1.1 .     Hidda latiinsa dhalootaa biqiloota magariisaa.

Hariiroon jijjiirama suuta suutaa lubbuqabeeyyii, har’a taaksonoomii dhaaf bu’uura dha. Seenaan jijjiirama suuta suutaa gartuun luubbuqabeeyyii gooree tokkoo faayiloojenii (phylogeny) jedhama. Ramaddiin hariirowwan faayiloojenetikii bu’uura ramaddii jijjiirama suuta suutaa jedhamee beekama. Hariiroowwan jijjiirama suuta suutaa argachuu dhaaf hayyoonni taaksonoomii ragaalee gosa adda addaatti gargaaramu. Garuu kun yeroo hunda hin milkaa’u. Sababnisaas galmee hambaa lubbuqabeeyyii sanyii bara durii jiraatan guutuutti argachuun rakkisaa waan ta’uuf dha.

iv.      Sirna ramaddii fenetiksii

Ramaddii amaloota hedduu walqixaa irratti kan bu’uureffatee fi amaloota waldorgomsiisuun ramaddii gageessa. Jechi fenetikii (phenetic) jedhamu yeroo jalqabaaf bara 1960tti hayyoota Ka’in fi Harrisoon jedhamaniin beeksifame. Hiikaansaas hariiroo walfakkeenya waliigalaa bu’uura amaloota mara jiraniin madaalamuu dha.

v.    Sirna ramaddii Kilaadistiksii

Kilaadistiksiin yaadarimeewwanii fi tooftaalee birkii daandii jijjiirama suuta suutaa murteessuuf gargaaru dha. Sirna ramaddii kanaan xiyyeeffannoo guddaan kan itti kenname gargarbaasuu amala duubatti hafaa fi dagaagaa dha.

1.1.1.    Seenaa Taaksonoomii

Seenaan jalqaba taaksonoomii uumamuu qooqa ilma namaa waliin walqabataa dha. Ilmi namaa bara durii biqiloota nyaataafi dawwaaf olaniifi kanneen namafi bineeldota birootti summii fi miti summii, kanneen foonsaanii nyatamaniifi kanneen hin nyaatamne, kkf irratti qooqaan walii galuu yeroo jalqabee kaasee odeeffannoo waliif laachaa ture. Ramaddiin haala kanaan namootni itti fayyadamaa turan taaksonoomii sabaa /uummataa (Folk Taxonomy) jedhama.

Text Box: Shaakala 1.5 Qorannaafi ramaddii lubbuqabeeyyii keessatti foolk taaksonoomiin gummaacha maalii qaba? Gareedhaan irratti mari’adhaa!
Shaakala 1.6 Wayitiiwwan armaan olitti eeraman tokko tokkoonsaanii keessatti hayyoonni dagaagina taaksonoomiif gumaacha godhanii turan eenyu fa’ii? Gumaachi isaan godhan maal  ture?

Daandii armaan olitti ilaaluu yaalame irratti dabalataan seenaan taaksonoomii beekamu namicha “abbaa taaksonoomii” jedhamee waamamu, bootaanistii biyya Siwediin Kaarl Liinas (Carolus Linnaeus, 1707-1778) marsanii wayitiiwwan akka furtuutti ilaalaman waliin qabsiifamee bakka sadiitti hirama. Wayitiiwwan kanneenis dura- Liinas, Liinas fi booda- Liinas jedhamanii gargarbaafamu.

Yeroon Dura-Liinas waggota 3000 dhaloota Kiristoos dura (DhKD) ture. Namootni hedduun yaadrimee madda taaksonoomii aadaa warra Roomaa fi Girikii waliin walqabsiisuun ibsuuf akka yaalan miti. Taaksonoomiin inni duraa ka’umsisaa addunyaa bahaa keessatti Chaayinaa akka ta’e ragaan saayinsii ifa godhee jira. Fakkeenyaaf ragaan barreeffamaa mootii Chaayinaa Sheen Nuung (3000 DhKD) waanqabatee argame, qorichoota biqiloota, albudaafi bineelda irraa argaman 365 ture. Biyya Misir keessatti immoo naannoo bara 1500 DhKD biqiloonni madda dawwaa dibaa keenyanii irratti agarsiifamanii turan. Dabalataani barreefami maramaan (papyrus rolls) biqiloota wallaansa dhibee garaagaraatiif oolan ramaddii isaanii qabatee argameera.

Aristootel bara 384-322 DhKD hawaasa gara dhiyaa Girikiifi Roomaa keessaa kan ture, lubbuqabeeyyii hundaa kitaaba “Historia animalium” ramadee agarsiise. Fakkeenyaaf bineeldita dhiiga qabeeyyiifi dhiiga dhabeeyyii, bineeldota bishaan keessafi lafarra jireeyyii.

Shaakala 1.7 Sirni ramaddii Aristootel hanqina maal qabature? Hayyooti biroon wayitii Dura- Liine’aanii jedhamu keessatti beekamoofi bu’aan isaan dagaagina taaksonoomiif godhan kitaaba wabii biroo irraa dubbisuun gabaasa dareef dhiyeessaa!

Liinas (1707-1778) – Liinas taaksonoomistii fi ogeessa fayyaa biyya Siwediin, akkasumas

bu’uuressaa taaksonoomii ammayyaa kan biqilootaa fi bineeldotaa ture. Sirni moggaasaa maqa kan har’a ittiin hojjetamukan Liinas dha. Gumaachisaa inni guddaan barreeffama sirnawwan ramaddii biqilootaa fi bineeldota jaarraa 18ffaa taaksonoomistoota jalaa waldhahaa turan toora qabsiisuusaasaa ture. Kitaabaalee fi barreeffamoota biroo hedduu maxxanse. Sirnisaa inni jalqabaa bara 1735tti kitaaba ‘Systema Naturae’ jedhamu keessatti maxxansame. Hojiin maxxansicha keessatti hammatames tooftaa walee sirna ramaddii bineeldotaa, biqilootaa fi albudootaa baramoo keessatti tajaajilu kan agarsiise ture.

Bu’aan sirna ramaddii Liinas lubbuqabeeyyii riqaawwan (Gulantaawwan) torba irratti sadarkeessuufi moggaasa maqalamee Airstooteliin hiikamee ture addunyaa ramaddii biqilootaafi bineeldotaa keessatti hojii irra oolchuu dha. Kanas riqaa olaanaa irraa gara gadiitti namaafi biqilaa daangullee (Gabaatee 1.1) keessaa fakkeenya fudhachuun ni danda’ama. Riqaa sanyii irra kan taa’ee jiru maq-lamee ykn maqaa saayinsaawaa dha.

Shaakala 1.8 barattootaa leenca, fardaafi biqilaa hoomii fudhadhaatii riqaa olii irraa gara gadiitti haala gabatee 1.1 keessatti agarsiifameen kitaaba biroo irra barbaadaatii agarsiisaa!

Gabatee 1.1. Riqaa ramaddii dhala namaafi biqilaa daangulee balleessaa irraa gara gooreetti taa’e.

RiqaaNamaDaangulee
MootummaaBineelaBiqilaa
MurnaKordaataaManyooliyofaayitaa
GitaHoosiftootaManyoliyoopsiidaa
OorderiiPiraayimeetiiFaabaalesii
MurnaHominideeFaabaasee
QacceeHomoPisum
SanyiiHomo sapiensPisum sativum

Sirna Ramaddii Liinaasiin Boodaa – sirni ramaddii yeroo amma Taaksonomistootni fayyadaman hedduun isaa hojii Liinaasii hojjete dha. Ta’us garuu yeroo sanaa asitti ramaddii ilaalchisee sirna ramaddii Liinasirratti yaadawwan dabalataan hammataman ni jiru. Ceephowwan diriiran keessa tokko kan ta’e Liinas lubbuqabeeyyii gartuutti qooduuf ala nafaa irratti wantoota daawwataman; dabbasaa, rifeensa, lukawwan 4fi kkf qabaachuu ykn dhabuu irratti xiyyeeffataa ta’uusaa dha. Saayintistooti garaagaraa sirna ramaddii Liinas sakatta’anii qorachuudhaan yaada fooyya’aa itti dabaluun lafa kaa’anii jiru. Kanneen keessaa muraasa fudhachuun ni danda’ama.

  1. Je’oorji-Luu’isi Lesilersi dii Buffoon (1707-1788) yaadahiddama sanyiin lubbuqabeeyyii sanyii xiqqaafi amala dhaalaa sanyii keessatti dagaagifatan ibse. Hojiin hayyuu kanaa gabatee bu’uuraa baayoloojiin jijjiirama suuta suutaa irra dhaabate ta’e.
    1. Antooyinee Laa’urent dii Juussiwuu (1748-1736) sirna ramaddi Liinas bara 1789 kitaaba “Genera Plantarum” jedhu keessatti barreessee ture fooyyesse. Sirna ramaddii uumamaa amalawwan hedduu biqilootaa irratti hundaa’eefi sirnawwan ramaddii ammayyaa har’aa keessatti tajaajilan beeksise. Biqiloota akoteliidoanoota, koteliidan-tokkeefi koteliidan- lamee jedhee ramaduun nama jalqabaa ture. Sirna riqaa ramaddii Liinas keessatti riqaa qacceefi gita gidduu, murna irraa gara warra jedhamuutti jijjiire.
    1. Laamaarki (1744-1829) yaadahiddamaa saayinsii jijjiirama suuta suutaa amalawwan dhaalaa sanyii gidduu hammatamu dagaagse.
    1. Chaarliis Daarwiinii (1809-1882)fi yaadahiddamaa saayinsii jijjiirama suuta suutaa. Laamaarkifi dii Buffooniin waa’een saayinsii jijjiirama suuta suutaa kan dhiyaate ta’ullee,

guutummaatti sakatta’iinsi hin godhamne hamma Daarwiiniifi Alfireed Russel Wallaasi (1823-1913). Yaada hidda dhalootaa, “phylogeny” kan hundeesses Haa’eekel nama jedhamu ture.

  • Wiillii Henniig (1913-1976 )fi kalaadistiksi: sirna ramaddii haaraa kalaadistiksii ykn maqamoggaassa faayiloojenetikii jedhamu bara 1966tti hundeesse. Sirni kun caalmaatti kaayyeffataa ykn loogii irraa walabadha. Amalawwan walfakkaatoo hedduu kanneen waliin qaban akaakilee tokko irraa akka dhufanitti yaadamu dha(Fak 1.2 ).

Shaakala 1.9 1. Sirni ramaddii kalaadistiksii ulaagaa maalii irratti hundaa’ee ramaddii lubbuqabeeyyii geggeessa?

2. Baayookemistiriifi jiiniin lubbuqabeeyyii ramaddii keessatti shora attamii qabaatu?

1.1.2 Yaadrimee sanyii

Joohin Raay (1627-1705) yeroo jalqabaaf hayyuu qacceefi sanyii gargar baasee ibse dha. Haata’u malee, yaadrimee morfoloojii sanyii yeroo jalqabaaf ibsa kan kenne Lina’aas (1707-1778) ture. Itti aansee immoo Daarwiin yaadrimee sanyii lubbuqabeesa wixineesaa dhiyeessee jennaan, Erinest Maayir immoo yaadicha gabbise. Yaadrimee morfoloojii sanyii garee lubbuqabeeyyii dhuunfaa amaloota caasaa alaa gurguddoo walfakkaatan qabeeyyii dha. Yaadrimee sanyii lubbuqabeeyyii immoo yaadrimee morfolooj irratti ikkoloojii, ji’ogiraafii, saayitoloojii, fiziwoloojii, amala fi kkf dabalataan kan of keessatti hammatu dha.

Akka yaadrimee sanyii lubbu qabeeyyitti , sanyii jechuun garee lubbuqabeeyyii dhuunfaa tokko tokkoon isaanii gama morfoloojii, fiiziwoloojii, baayookemikaalaa, fi amaloota gochaan agarsiisaniin walfakkaatoo dha. Haala uumamaan jiru keessatti wal irraa horuuf kanneeen danda’a dha. Garuu miseensota sanyii biroo waliin walhoruuf milkaa’oo miti. Kanaaf, sanyiin garee lubbuqabeeyyii

ilmaan wal irraa argachuu danda’aniifi ilmaan isaaniis itti fufiinsaan giddii isaaniitti walhoruuf ga’umsa qabeeyyii dha. Sanyiin sirna ramaddii keessatti yuuniitii bu’uuraafi xiqqaa sirnichaa dha Dimshaashumatti sanyiin hiikaa garaagaraa qaba. Hiikaa adda addaa jiran keessaa kanneen armaan gadditti eeraman yoo ilaalle:

  • Sanyiin yuuniitii bu’uura ramaddii dha.
  • Kaategorii bu’uurawaa riqaa (rank) ramaddii ti.
  •   Dhagaa ijaarsaa ramaddii lubbuqabeessa yaad- rimeewwan gartuulee olaanaa fi gadaanaan irraa dagaagani dha.
  •   Kaategorii gadaanaa riqaa keessaa dhaabbataa dhaan kan fayyaduu fi namoota addunyaa maraan hubatamu dha.
  • Yuuniitota bu’uura jijjiirama suuta suutawaa ramaddii ti.

Yaadrimeewwan sanyii shantu beekamu. Kanneen kunis armaan gaditti ibsamanii argamu.

Shaakala 1.10 yaadrimeewwan olitti tarreeffaman keessaa yaada Lina’aasfi Daarwiin duukaa kan waliif galu kam?

  1. Yaadrimee sanyii taaksonoomiwaa/ramaddii/ – walitti qabama lubbuqabeeyyii akaakuu tokkoo morfoloojiin kan walfakkaatanii, walitti qabama akkasii biroo irraa adda ta’an dha. Amalooti morfoloojii yaadrimee kanaaf wiirtuu dha.
  2. Yaadrimee sanyii baayoloojawaa – lubbuqabeeyyii miseensota dhuunfaatti baatoo amaloota dhaalaa (genes) waljijjiiruu danda’ani dha. Jiinoota bilisaan walmakanii fi ilmaan itti fufiinsaan waliin godhachuuf ga’umsa qabeeyyii dha.
  3. Yaadrimee sanyii daddabaarawaa – miseensota daandii uumamaa tokko qabeeyyii, yeroo adda addaa jiraatanii fi amaloota adda addaakan qaban dha. Sarara gargar qoodaa sanyii daddabarawaa kaa’uun haata’uu (arbitrary) dhaan kan godhamu dha. Raawwii irratti garuu banaa galmee hambaa keessaatu gargaara.
  4. Yaadrimee sanyii sanyii xixinnaa (microspecies) – uummata morfoloojiin /bifa walfakkaataa (uniform) qabeessa, hamma xinnaadhaan immoo uummattoota bifaan walfakkaatoo firoomoo irraa adda ta’ee dha. Yeroo baay’ee maxiiqessuun kanneen uumaman dha. Morfoloojii dhaan garaagarummaa muraasa gidduusaaniitti agarsiisu ykn uummattoota irra jireessaan wartokkee (uniparental) gartuulee biqilaa gidduusaaniitti bifa walfakkaataa fi morfoloojii dhaan garaagarummaa muraasa gidduusaaniitti agarsiisani dha.
  5. Yaadrimee sanyii baayoosistemaatikii (Biosystematic) – kanneen kun gartuulee biqilaa saalessaa, ooyiruuwwan yaalii irratti gocha namtolchee dhaan diqaalessamanii argaman dha.

1.1.3.      Moggaasa maq-lamee

Moggaasni maqaa saayinsawwaa meeshaa namootni qorannaa dhimma biqilootaa fi bineeldotaa geggeessan waliindhahamuu tokko malee itti gargaaramuuf waliigaltee irra ga’ani dha. Moggaasa maqaa (Nomenclature) jechi jedhu jecha Laatinii “Noomenkileecheraa” jedhu irraa dhufe. Noomenkileecheraa, jechuun sirna moggaasa maqaa jechuu dha. Kanaaf baayooloojii keessatti moggaasa maqaa jechuun lubbuqabeessaaf maqaa kennuu jechuu dha.

Yeroo jalqabaaf moggaasa maqaa yaadasaa kan dhiheessee hojii irra oolche Liina’aas ture. Sirni Liina’aas bara 1753 kitaabasaa “Species Plantarum” keessatti diriirse kunis moggaasa maqalamee jedhama. Sirna kana keessatti lubbuqabeeyyiin sanyii tokkoo jechoota lamaan moggaafamu. Jechi inni jalqabaa maqaa qaccee, inni lammaffaan immoo maqaa sanyii dha. Tokko tokkoon gosa lubbuqabeessaaf maqaa cimdii ykn lama walitti waamamutu kennamaaf. Sirni kun kitaaba hayyuu kanaan barreefame ‘Systema Nachurae’ jedhu keessatti Ammajjii 1, 1758tti maxxansame. Ergasii eegalee hamma har’aatti addunyaa guutummaa keessatti fudhatama argatee jira.

Faayidaan maqaa inni guddaan akka meeshaa ittiin waliigalteetti tajaajiluu fi kanneen itti fayyadaman mara biratti hubatamuu fi hiikaa tokko qabeessa ta’uu qaba. Kanafuu, pirinsippiliin bu’uuraa moggaasaa maqaa dha.

Lubbuqabeeyyiif moggaasa maqalamee kennuun maalif barbaachi yoo jedhame:

  1. Lubbuqabeeyyii walfakkaatan bakka tokkotti gurmeessuu fi waa’ee isaanii qorachuuf
    1. Saayintistooti addunyaa kan irratti waliigalan maqaa lubbuqabeeyyii uumuuf.
    1. Biyya adda addaatti maqaan tokko lubbuqabeeyyii hedduuf ykn maqaa hedduun lubbuqabeessa tokkoof ni moggaafama. Maqaa saayinsawaan bu’uura ramaddiitiin kennamu rakkoo kana hambisa.

Pirinsippilootni moggaasa maqalamee keessatti eegamuu qaban :

  1. Moggaasni maqaa saayinsawaa tokko tokkoon sanyiif kennamu maq-lamee dha. Kunis kutaa lama qaba. Kutaan jalqabaa maqaa qaccee, inni lammaffaan immoo maqaa sanyii dha. Fkn maqaa saayinsawaa namaa yoo fudhanne ‘Homo sapiens’ dha. ‘Homo’n maqaa qaccee fi ‘sapiens’ immoo maqaa sanyii dha.
  2.   Maqaan qaccee yeroo hunda qubee guddaa dhaan eegala. Kan sanyii garuu qubee xiqqoo dhaan barreeffama. Maqaan saayinsawaa yeroo barreefamu maxxansa keessatti yoo ta’e itaaliksii godhama. Fkn ‘Mangifera indica’- maqaa saayinsawaa maangoo ti. Barreefama harkaa keessatti immoo itaaliksii gochuun waan hin danda’amneef qopha qophaatti jala sararama. Fkn: Canis familaris = Maqaa saree

1.1.4.    Sadarkaalee riqaa ramaddii

Ramaddii lubbuqabeeyyii keessatti riqaa ramaddii ilaaluudhaaf, garaagarummaa “taxon/taxa”fi “category” gidduu jiru adda baasuun barbaachisaa dha. Taaksooniin sirna ramaddii keessatti garee taaksonomiii sadarkaa riqaa kamii irra illee jiru dha. Garee taaksonomiwaa bal’aa akka murnaa ykn dhiphaa akka sanyii ta’uu ni danda’a.

Kaategoriin immoo sirna ramaddii keessatti riqaawwan gooree taaksaan adda addaa irratti hamatamanidha. Tokko tokkoon riqaa kun kaategorii taaksonoomii jedhama. Innis hariiroo gooree lubbuqabeeyyii gidduu jiru agarsiifamuf kan oolu ta’ee, kaategoriiwwan torbatu beekamu. Lubbuqabeeyyii bifa qindooma qabuun walitti fidanii kaategoriiwwan taaksonoomiidhaan tartiibessuun riqaa ykn gadbu’a ramaddii (taxonomic hierarchy) jedhama. Sirni riqaa ramaddii irra keessaa gara gadiitti tartiiba dirqamaa kaategoriiwwan torbaa hammata.

Kaategoriiwwan kanneenis:

1. Mootummaa

  • Murna

….Murna xiqqaa

  • Gita

……Gita xiqqaa

…..Oorderii olaanaa

  • Oorderii
    • Warra
    • Qac
    • Sanyii

…sanyii xiqqaa

Maxxantuu duraa olaanaa (super) ykn xiqqa (sub) jedhu gargaaramuu dhaan kaategorii dura ykn booda kaa’uun agarsiisuun ni danda’ama. Fkn gita olaanaa, gita xiqqaa, oorderii olaanaa, oorderii xiqqaa, warra xiqqaa, kkf. Kaategorii taaksonoomiwaa kanneen armaan olii tokko tokkoon yooqaacessine:

Mootummaa– kaategorii olaanaa fi kanneen hafan mara of jalatti hammata (Fak. 1.3). Sanyiin immoo kaategorii isa xinnaa dha. Inni olaanaan bal’ina qabeessa. Innni xinnoon immoo gooree fi lubbu qabeessa qabatamaa ibsa. Wanti qabatamaan kaategorii keessatti agarsiifamu kun taaksoonii dha.

Fak. 1.3. Walhammannaa riqaawwan ramaddii turban.

Sanyii-bu’uura taaksonoomii qofa miti, garuu bu’uura jijjiirama suuta suutaa dhas. Akkuma olitti eerame kaategorii taaksonoomiwaa xinnicha dha. Maqaa saayinsaawaa dhaan beekama. Fakkeenya (Gabatee 1. 2) keessaa ilaali.

Gabatee 1.2. Moggaasa baramaa fi maqaa saayinsawaa lubbqabiiyyii muraasaa

Moggaasa baramaaMaqaa saayinsawaa
LeencaPanthera leo
AbbayyiiMeasa lanceolata
BirbirsaPodocarpus falcatus
WaddeessaCordia Africana

Qaccee-sanyiwwan dhiheenyaan walitti firoomoo ta’an kan ittiin waamaman dha. Sanyiwwan qaccee tokko jala jiran abaabee tokko irraa dhufan ykn dagaagan jedhamee tilmaamama. Qaccee ‘Panthera’ fi ‘Maytenus’ (Gabatee 1. 2) keessaa ilaali.

Gabatee 1.3. Sanyiwwan qaccee tokko jalatti hammataman

Moggaasa baramaaMaqaa saayinsawaa
LeencaPanthera leo
IyyaaPanthera pardus
QeerransaPanthera tigris
KombolchaMaytenus buchananii
HacaaciiMaytenus gracilipes subsp. arguta

Leenca, Iyyaa fi Qeerransi qaccee tokko jalatti hammatamu. Gama biraadhaan sanyiwwan kombolchaa shantu qaccee tokko jalatti agarsiifamee jira.

Warra– qaccewwan firoomoo ta’an walitti warra tokko jalatti waamamu. Qacceen ‘Panthera’ fi ‘Felis’ ga’umsa waliinii hedduu qabu waan ta’eef warra ‘Felidae’ jalatti waamamu. Warri ‘Felidae’ (warri adurree) immoo warra ‘Canidae’ warra Saree irraa addummaa qabu.

Oorderii– warrawwan firoomoo dha. Warri ‘Felidae’ fi warri ‘Canidae’ oorderii Kaarniivoraa jalatti waamamu.

Gita– Oorderiin firoomoo dha. Oorderiin Kaarniivoraa (leenca, saree, adurree) fi oorderii piraayimatisii (nama, gorillaa, jaldeessa, qamalee) gita hoosiftootaa jalatti hammatamu.

Murna– gitawwan firoomoo dha. Giti qurxummiilee, afiibiyaanii, reptaayilootaa, allaattiwwanii, fi hoosiftootaa murna kordaataa jalatti ramadamu.

Text Box: Shaakala	1.11	1)	Mootummaa,	murna,	gita,	oorderii,	jiminoospermii,	teeridofaayitaa, kotileedonlamee fi
Panthera leo taaksoonii ykn kaategorii jedhii addaan baasi!
2. Ramaddii ammayyaa keessatti lubbuqabeeyyiin mootummoota shan jalatti garteeffaman eenyu fa’i?
  1. 1.2.   Ramaddii Mootummaawwan shaman

Mootummaan lubbuqabeeyyii bu’uuraan yammuu ilaalamu sadarkaa har’a irra ga’e kana biraga’uudhaaf bu’aa bayii hedduu keessa darbee jira. Beekumsa waa’ee lubbuqabeeyyii mootummaatti Isaanis:

a)    Yaadrimee mootummaa lamaa

Bu’uurri yaada rime ramaddii kanaa lubbuqabeeyyii maraa mootummoota biqilootaa fi  mootummaa bineeldotaa lama jalatti qooduu dha. Bu’uurri garaagarummaa isaaniis jiraachuu ykn dhibuu cichaa seelii ti. Cichaa seelii kan qaban marti mootummaa biqilaa jalatti hammatamu. Mootummaan biqilaa of jallatti baakteeriyeemota, fangasoota, saaphaphoota fi biqiloota dachee hammata. Kanneen jalqabaa sadan akka miseensota mootummaa xiqqaa Taalofaayitaa/Taalobaayontaatti fudhatamoo fi gareen biqiloota dachee immoo akka miseensa Imbiriyoofaayitaa/ Imbiriyobaayontaatti ilaalamu.

Taalofaayitaan wantoota ittiin beekaman ni qabu. Kanneenis:

  1. Qaamni biqilaa taalooyidii (caasaa gargar hin baafamne) qabaatu.
  2. Tishuu vaskulaarii dhabeeyyii dha.
  1. Marsaa jireenyaa isaanii keessaa miciree dhabeeyyii dha.

Imbiriyofaayitaan biqiloota dachee gartuu lama of jalatti qabatu. Biraayofaayitaa (biqiloota mitivaskulaaraa) fi Tiraakiyoofaayitaa (biqiloota vaskulaaraa) dha.

b)   Yaadrimee mootummaa sadi

Akka dhiyaacha kanaatti lubbuqabeeyyii marti mootummoota sadi jalatti garteeffamu. Isaanis mootummaa biqilootaa, mootummaa bineeldotaa fi mootummaa pirotistaa dha. Mootummaa pirotistaa jalatti amala giddugaleessa qabeeyyii kanneen akka saaphaphootaa fi pirotoozowaa (daayinoofilaajileetota), biqilootaa fi bineeldota fakkeeyyiitu hammatama.

c)    Yaadrimee mootummaa afurii

Daandiin deemsisaa ture biroon mootummaa pirotistaa, mootummaa fangasootaa, mootummaa biqilootaa fi mootummaa bineeldotaatti qooduu dha. Kun immoo yaada rimeen mootummaa afurii akka dagaagu godhe.

d)   Yaadrimee mootummaa shanii

Argannaa meeshaa optikaalaa elektiroon maayikirooskoppii (Transmission Elelctron Microscope) ykn TEM dhaan walqabatee baayoloojistooti tokko tokko ruuqoo seelii duraan hin beekamne meeshaa ammayyaa kanatti gargaaramuu dhaan qorachuu danda’anii jiru. Aangoon gargar baasee agarsiisuu TEM x100000 dha. TEM kunis waan duraan dhokataa ture caasaa seelii keessaa saaxilee agarsiisuu danda’eera. Haaluma kanaan duraan gartuu seelota miseensota mootummaa biqilootaa fi mootummaa bineeldotaa jalatti ilaalamaa turanii adda baase. Kun immoo beektonni akka isaan  yaada rimee mootummaa shanii dhiyeessaniif isaan kakaase.

Haala kanaa olitti ibsameen jalqabaa lubbuqabeeyyii hunda gartuulee  lamatti  ramaduun danda’amee ture. Ramaddiin kunis bu’uura jiraachuu ykn dhibuu membirenii niwukilasii uwwisuu fi akkasumas bu’uura jiraachuu ykn dhibuu orgaaneloota seelii biroo dhaan. Gartuuleen ramaddii lamaanis:

  1. Pirokaariyoota– lubbuqabeeyyii niwukilasiin isaanii membiranii dhabeessaa fi orgaaneloota biroo hin qabne dha. Kanneenis baakteeriyeemoota fi saayinofaayitoota (saaphaphuu cuqulmagariisa) dha.
  2. Iyukaariyoota– mara lubbuqabeeyyii niwukilasiin isaanii membiranii niwukilaariin uwwisamaa fi orgaaneloota seelii hunda qabeeyyii ta’anii dha.

Pirokaariyooti marti mootummaa moneeraa jala kanneen galfamani dha. Iyukaariyooti immoo mootummoota afuritti qoodamanii jiru. Kanaaf sirna mootummaa shanii jalatti kanneen hammataman; a) mootummaa moneeraa, b) mootummaa fangasootaa, c) mootummaa pirotistaa, d) mootummaa biqilootaa fi e) mootummaa bineeldotaa dha.

Mootummaa moneeraa

Mootummaan moneeraa amaloota ittiin beekaman maalfaa qabu?

Mootummaan moneeraa amaloota ittiin beekaman garaagaraa ni qabu. Mootummaan moneeraa lubbuqabeeyyii jiran hunda gararraatti heddummatoofi pirokaariyoota ijaaruutti mootummaa isa qobaadha. Jecha warra Girikii “moneres” jedhamu irraa kan fudhatame hiiknisaa qeenxee jechuu dha. Mootummaa kana jalatti kanneen hammataman baakteeriyaafi saaphaphuu cuqulmagariisadha. Amalootni lamaan isaanii waliin qooddatanis:

  • Lamaanuu nukilasii membirenniin miti haguugamaa qabaachuu.
  • Hundisaanii seelqeenxee dha.
  • Boca maramaa, akka eeboo fi ulee qabaachuun garaagarummaa agarsiisu.
  • Giddugaleessaan dheerina 1µfi ballina 0.5µ qabeeyyiidha.
  • Seeliin saanii alaan cichaa seeliin keessaan membirennii lippiidiin uwwifamaa dha. Membirenniin lippiidii kun wantoota gara keessa seeliitti seensisuufi keessaas gara alaatti baasuu dha.
Text Box: Shaakala 1.13
1. Gurmaa’ina silqixaafi bocawwan baakteeraa koorsii BNSc 101 keessatti barattan duubatti deebi’aa yaadadhaa!

Baakteeriyaan sochiilee adda addaa gochuun beekamu. Fkn. gara madda soorataatti, keemikaala

miidhaa geessisaan irraa baqachuu, ykn kanneen anniisaa ifaatiin soorata qopheeffatan immoo gara madda ifaatti ni socho’u. Sochii kanaaf caasaaleen itti gargaaraman silqixa, haphee (slime) dirra irra gangalachuu dandeessisu maddisiisuu, hidhaa qajjiisawwanii cichaa seelii alaa jalatti maramaa akka bolooniitti naanna’uun seenuu dandeessisan qabu.

Shaakala 1.12

  1. Baakteeriyaan bidoollee kam keessa jiraatu?
  2. Baakteeriyaan soorannoo isaanii haala attamiin argatu?

Baakteeriyaan  bakka  hunda biyyee,  bishaan,  qilleensa,  irraafi  keessa  nafa lubbuqabeeyyii keessa

jiraatu.   Pirokaariyoonni   akkuma   lubbuqabeeyyii   kanneen   biroo  madda  anniisaaf                                                                                                                                                    kaarbonii moliikiwuloota  jireenyaa  (kaarboohaayidireetota,  pirootinoota,  lippiidotafi  nukilik  asiidota)  irraa

ijaarratan isaan barbaachisa. Pirokaariyoonni anniisaafi kaarbonii madda adda addaa irraa argatu waan ta’eef awutootiroofota ykn heterootiroofota ta’uu ni danda’u. Baakteeriyaa martinuu naayitiroojinii, salferii, foosfarasii, ashaboolee inorgaanikiifi maayikirooniwutiraantota ni barbaadu. Awutootiroofota kanneen ta’an soorata mataasaanii warra qopheefatanidha.

Baakteeriyoonni footoosintetikii ta’an kilooroofilii qabeeyyii waan ta’aniif anniisaa  ifaa  gargaaramu. Fkn saaphaphuu cuqulmagariisaafi baakteeriyaa salferii magariisa. Baakteeriyaan salferii madda haayidiroojiniif bakka H2O, H2Stti gargaarama. Baakteeriyaa biroon immoo kanneen keemoosinteetikii ta’an madda anniisaaf kan gargaaraman kompaawundoota inorgaanikaa (NH3, H2Sfi Fe) ti. Maddi kaarbonii isaanii garuu CO2 dha. Fkn baakteeriyaa biyyee keessa jiraatan Naayitiroobaakteeriifi Naayitirosoomonaasii dha. Baakteeriyaan burkuteessitoota ta’an anniisaa kan argatan biqilootaafi bineeldota du’an diiguudhaan dha. is sapaanis, pirofaayitoota jedhamu. Baakteeriyaan lubbuqabeeyyii biroo irratti maxxantoota ta’anis nijiru.

Adeemsawwan hormaata baakteeriyaa keessatti irra jireessaan baramoo kan ta’e kami ?

Pirokaariyoonni hedduun adeemsa seeliin isaanii bakka lamatti gargar hiramuun of baayissuun walhormaata geggeessu. Seeliin tokko of baayyisuu kana keessatti koppii ofiisaa waaan argamsiisuuf moleqiwuulii DNA tokko seelii haaraa uumameef dabarsee kenna. Kanaaf seelonni haala kanaan argaman qabiyyee amala dhaalaa qabaniin garaagartummaa hin qaban. Hormaati adeemsa kanaan baakteeriyaa keessatti raawwatamu daayiversiitii akaakuu naannoo jijjiiramaa adeemu keessatti uumamuusaa barbaachisaa ta’e ni daangessa.

Baakteeriyaan adeemsawwan jiinii isaanii ittiin walitti makatan adda addaa qabu. Adeemsawwan kanneenis tiraansfoormeeshenii, konjugeesheniifi tiraanisdaakshenii jedhamu. Tiraansfoormeesheniin adeemsa itti baakteeriyeemiin tokko bishaan ykn biyyee keessa jiraatu keessaa cabaa DNA baakteeriyeemii biroo ofitti fudhatee jijjiiramudha. Konjugeesheniin immoo baakteeriyeemiin laataa ta’e isa fudhataa ta’etti karaa ujummoo (pilus) ofitti qabsiisee DNA gara isa fudhataatti ceesisuun jijjiirama dhufudha. Tiraanisdaaksheniin ceesisuu DNA vaayirasii (Bacteriophage) dhaan milkaa’uu dha. Sanyiin baakteeriyaa haalawwan kanaan jijjiiramee argamu jijjiirama naannoo keessatti asiidummaa, tampireecheraafi keemikaala farra lubbuun walqabatee mudatamu dandammachuu dandeessisa.

Shaakala 1.15

1. Barattootaa garaagarummaa tiraansfoormeeshenii, konjugeesheniifi tiraanisdaakshenii gidduu jiru kitaaba wabii irraa ilaaluudhaan fakkii dhaan deggeraa agarsiisaa! Lubbuqabeeyyiin mootummaa moneeraa jalatti hammataman miidhaa maal geessisuu? Faayidaan isaan irraa argamuwoo maalfa’ii?

Baakteeriyaan miidhaa fi faayidaa addaa geessisa. Madaala qilleensaa eegsisuu, marsaa wantootaa milkeessuufi jireenya guyyaa guyyaa keessatti fedha ilma namaa guutuuf wantoota barbaachisan oomishuu keessatti bu’aan isaan argamsiisan hedduudha. Bu’aalee kanneenis:

  • N2 qilleensa keessaa kiyyeessuun gara kompaawundii NO3- biqilooti itti gargaaramaniitti jijjiiruufi 2.
  • kanneen footoosinteta’oo ta’an immoo O2 gara qilleensaatti gadi lakkisuun madaala qilleensa naannoo eeguu keessatti ga’ee xabatu.
  • Warshaafi jireenya guyyaa guyyaa keessatti aannan ititee urgoo laachuu, dhadhaa baasuufi baaduu oomishuu dandeessisu.
  • Dawaa farra lubbuu “Streptomycin” oomishuuf ni oolu.
  • Warshaa gogaafi kal’ee keessatti gogaafi kal’ee laaffisuufi warshaa tamboo keessatti immoo tamboon foolii qabeessa akka ta’u gochuu keessatti ni gargaaru.
  • Kosii naannoo keessaa dhabamsiisuuf hojii hojjetamu keessatti kosii irraa baakteeriyaan gaasii miteenii (methane gas) maddisiisan ni jiru.
  • Mar’imaan bushaayeefi loon keessa kanneen walutubbiin jiraatan akka isaan seeluloosii walxaxaa ta’e bulleessuu danda’aniif inzaayim seeluleesii maddisiisu.
  • Mar’imaan furdaa namaa keessa kanneen jiraatan vitamin k maddisiisuuf gargaaru.

Mootummaa pirotiistaa

Amala waliigalaa Pirotistaa:

  • Seelqeenxee ykn seelhedduu ykn gurmuun jiraatoo dha.
    • Orgaaneloota membiranniin haguugamoo fi nukilasii gurmaa’ina qabeessa waan qabaniif Pirootistaan iyukaariyoota dha.
    • Hedduunsaanii naannoo bishaanawaa jiraatu, garuu sanyii muraasi iddoo jiidhaa lafarra jiraatu.
    • Hedduun adeemsa walhormaata alsaallessaa, hirama walqixaatiin walhoru. Muraasi immoo adeemsa saalessaa konjugeesheniitiin walhoru. Konjugeesheniin kanneen walhoran walitti maxxananii wantoota dhaalaa waljijjiiruun hormaata raawwatu.
    • Gosa gurguddaa lamatti qoodamu: i) pirotistoota biqiloota fakkeeyyii- kilooroopilaastii keessatti kilooroofilii qabu waan ta’eef awutootiroofota soorata qopheeffatani dha. ii) pirotistoota bineeldota fakkeeyyii-lubbuqabeeyyii biroo sooratoo (heterootiroofota)fi bakkaa bakkatti kanneen sochii godhanidha.
    • Seenaa jijjiirama suuta suutaa qabaniin pirotistootni biqiloota fakkeeyyiin saphaphuu cuqulmagariisa irraa akka dhufaniifi akaakilee biqiloota magariisa har’aa ta’uusaaniitu

himama. pirotistootni bineeldota fakkaan immoo baakteeriyaa heterootiroofikii irraa kan dhufan ta’anii, akaakilee bineeldota ammayyaa jedhamee amanama..

Piritistooti biqiloota fakkeeyyiin saphaphuuwwan seelqeenxeefi seelhedduu of jalatti hammatu. Hundi isaanii killoofilii qabeeyyii waan ta’aniif soorata qopheessitoota. Seelhedduu kanneen ta’an aramaa galaanaa jedhamanii waamamu, seelqeenxee kanneen ta’an immoo faayitoopilaankitenoota jedhamu. Faayitoopilaankitenoonni dirra bishaanii irratti rarra’oofi bu’uura fuuncaa soorataa bidoollee bishaanii ti. Dabalataan O2 gara atimoosferiitti gadi lakkisuun madaala qilleensaa ni eegu.

Pirotistooti bineeldota fakkaaatan seelqeenxeefi pirotoozowaa jedhamanii waamamu. Naannoo bishaanawaafi biyyee keessa / maxxantummaan lubbuqabeeyyii biroo keessa jiraatu. Haala soorannoon heterotiroofota, lubbuqabeeyyii biroo qabachuun sooratoo, sapirofaayitoota ykn maxxantoota dha. Pirotistaan gosa garaagaraatti qoodamu (Gabtee 1.2. 1 )

Gabtee 1.2. 1. Murna, fakkeenya bakka bu’eefi caasaa sochii pirotistoota bineeldota fakkeeyyii.

MurnaFakkeenya bakka bu’eeCaasaa sochii
SarkoodinaaEntamoeba histolyticaMiilsoboo
MastigoforaaGiardia lambliaSilqixa
SiilooforaaBalantidium coliRifeensee
Isporozo’aaPlasmodium vivaxHinqabu
Text Box: Shaakala 1.16
1.	Gareedhaan a’uunt bidoollee, soorannoo, walhormaataafi barbaachisummaa orgaanizimoota gabtee 1.2. 1 keessatti eeraman irratti mari’adhaa!

1.2.1.    Mootummaa fangasootaa

  1. Fangasoonni lubbuqabeeyyii iyukaariyoota dha. Cichaa seelii qabaachuudhaan biqiloota fakkaatu. Uumamni cichaa seelii isaanii garuu kan biqilootaa irraa addummaa qaba. Makaa kaarboohaayidireetii fi pireotinii, kaayitiinii jedhamu irraa ijaarame. kilooroofilii waan hin qabneef soorata mataa isaanii qopheeffachuu hin danda’an. Kana heterootiroofota; burkuteessitoota, maxxantoota ykn walutubbiin kan jiraatoodha. Wantoonni kuusanii olkaa’atanis akka kan biqilootaa istaarchii osoo hin ta’in zayiitaafi gilaayikoojinii biqiloota keessatti beekamuun walfakkaataa dha. Amalawwan addaa qabaachuun mootummaa biqilootaa irraa foxxoqfamanii mootummaa maayikootaa ykn fangasootaa jedhamnii ramadaman. Fangasoonni amalawwan gurguddoo ittiin beekaman:
    1. Soorannoon    isaanii    heterootiroofota;    burkuteessitoota,   maxxantoota    ykn                       walutubbiin jiraatoodha.
    1. Talasii-    seelqeenxee,    qaacawaa    (filamentous)    ykn    darbee    darbee                pilaasmoodiyaalii (pirootoopilaazimaa qullaa walqabataa) dha.
    1. Cichaa seelii- kaayitiinii irraa tolfame (gita Oomaayiseetota qofa keessatti seeluuloosii irraa tolfame).
    1. Nukilasii- xiqqaafi membiranniin haguugamaa waan ta’eef iyukaariyoota.
    1. Marsaa jireenyaa salphaa hamma walxaxaatti beekama.
    1. Walhormaata alsaalessaafi saalessaa qabu.
    1. Bidoollee- addunyaa mara irra tamsa’anii kan argaman ta’anii, “ubiquitous/ every where” dha.

Shaakala 1.17

  1. Marsaa jireenya sanyii fangasii tokkoo kitaaba biroo irraa barbaadii sadarkaalee keessatti hammataman ifatti agarsiisuun daree keessatti gabaasa dhiyeessi.
  2. Fangasii keessatti walhormaati alsaalessaafi salessaan attamitti raawwata?

Fangasoonni    murnawwan    lamatti    qoodamu.    i)    Murna    Maayksoomaayikootaafi ii)

iyumaayikootaa dha.

1.2.3. Mootummaa biqilootaa (Kiriptoogaamotaa, Feneroogaamota)

  1. Kiriptoogaamota

Kiriptoogaamoti biqiloota daraaraa ykn sanyii dhabeeyyii jedhamu. Bal’inaan yammuu ilaalaman akka armaan gadiitti ramadamu.

  1.    Taalofaayitaa– nafa taalasii qabeeyyii waan ta’aniif; jirma, baalaafi hiddatti nafa miti adda bahoo

qabu. Saphaphuu, fangasootaafi laayikeniin as jalatti hammatamu.

  • Biriyoofaayitaa– nafa battee ykn taalooyidii jirmafi baalatti adda bahe qabu garuu hidda dhugaa hin qaban. Dabaree dhalootaa idilawaa gaametofaayitiifi ispoorofaayitii qabaachuudhaan beekamu. Naftisaanii mullataafi soorataan of danda’aan gaametofaayitii dha. Ispoorofaayitiin yeroo mara xiqqaataafi gaametofaayitii irratti qabatee kan argamuufi soorataanis isuma irratti hirkataa dha. Biriyoofaayitaa jalatti kanneen hammataman a) Hepaatikaa (liverworts) fkn Riccia fi marchantia,

b) Antooseerota (Horn worts) isporofaayitiinsaa gaametofaayitii irratti gariin hirkataa ta’efi c) Muskii (Mosses) fkn Polytrichum, Sphagnum, kkf. Bidoollee jiidhaafi gaaddisa jala jiraatu. Walhormaata alsaalessaafi saalessaan kan walhoran ta’eetu; Walhormatni alsaalessaa kutaan qaamaa guddachaa jiru addaan bahuu, gemmeefi adeemsa deebi’ee dhalachuun milkaa’a. Walhormaatni saalessaan immoo gameentanjiyaa (Arkegooniyaa fi antiriidiyaa) keessatti walduraaduubaan sanyii dhalaafi kormaa oomishamuun kan raawwatamu. Sanyiin kormaa silqixa qabeessa waan ta’eef walfudhannaan sanyii kormaafi dhalaa bishaan irratti hirkataa dha.

Shaakala 1.18

  1. Marsaa jireenya biriyoofaayitaa keessa sadarkaalee jiran fakkeenya qabatamaa Sanyiwwan isaanii keessaa tokko fudhachuun agarsiisaa.
  2. Faayidaa biriyoofaayitoonni naannoo keessatti qaban ibsaa.
  • Teeridofaayitaa- nafti biqilaa gara hiddaa, jirmaafi baalaatti adda baafamaa dha. Dabaree

dhalootaa idilee gaametofaayitiifi ispoorofaayitii qabaachuutti biriyoofaayitaa waliin wal fakkaatu. Haata’u malee, gaametofaayitiifi ispoorofaayitiin walirratti hirkattummaa irraa bilisa. Gaametoofaayitiin nyaata kan argatu qopheeffachuun ykn adeemsa sapirofaayitummaan (diiganii nyaachuun). Dhalootni isporoofaayitii akkuma zaayigootiin guddatee arkegonigaa keessaa mullateen nyaata qopheeffachuun of danda’uu eegala. Faallaa kan biriyoofaayitaatiin ispoorofaayitiin mullataa yammuu ta’u, gaametofaayitiin immoo xiqqaataa dha.

Tishuun vaaskulaaraa isaanii dagaagaadha waan ta’eef kiriptoogaamota vaaskulaaraa ni jedhamu. Kaarooleefi fakkeeyyii isaanii of jalatti hammata. Taalofaayitaan biqiloota bara durii (primitive) waan ta’aniif, kiriptoogaamota gadaanoo jedhamu. Biriyoofaayitaafi teridofaayitaan immoo dagaagoo waan ta’aniif kiriptoogaamota olaanoo jedhamuun beekamu.

Shaakala 1.19

  1.      Teridofaayitooti marsaa jireenyaa isaanii xumuruuf gahee wal hormaati alsaalessaafi saalessaan qaban kaarolee fakkeenya fudhachuun gareedhaan erga mari’attanii

booda gabaasa dhiyeessaa.

  • Naannoo keessatti teeridofaayitooti faayidaa maalfaa qabuu?

Teeridofaayitooti sanyiwwan gara 12,000 ol ta’an qabeeyyii yammuu ta’an, xixiqqoo bidoollee

bishaanii keessa jiraatan irraa eegalee hamma kanneen mukeen gurguddoo ta’aniitti jiran hammatu. Mukeen gurguddoo kanneen ta’an bosona tiroopikii keessatti faana 30-40 dheeratoo dha. Waliigalaan haala jiidha qabeessa tiroopikii irraa kaasee hamma iddoo gariin arkitikii ta’eetti tamsa’anii jiraatu. Bu’uuraa yammuu ilaalaman bidoollee lafaawaa irra jireeyyii ta’anii; iddoo jiidhaa, gaaddisafi dilallaatti argamu.

1.2.4.2 Feneroogaamota

Shaakala 1.20 1. Garaagarummaa kotaayiledon lameefi kotaayiledon tokkee gidduu jiru walbira qabuudhaan  

Feneroogaamoti biqiloota sanyii qabeeyyii dha. Murni biqiloota feneroogaamii murnawwan xixiqqaa lamatti qoodamu; i) murna xiqqaa jiminoospermii (biqiloota sanyii qullaa qabeeyyii)fi ii) murna xiqqaa anjiwoospermii (biqiloota sanyii haguugamaa qabeeyyii) dha. Anjiyoospermii deebi’anii gitawwan lamatti qoodamu; kotaayiledon lameefi kotaayiledon tokkee.

              ibsaa.                                                                                                                                       

i) Murna xiqqaa jiminoospermii-biqiloota sanyiin (seed) isaanii cichaa oovaariitiin ittisamoo hin taane sanyii qullaa qabeeyyii dha. Seenaa keessatti bara Meesozoyikii keessumattuu wayitii Juraasikii jedhamuun beekamutti heddumatoo turan. Yeroo har’aa garuu sanyiwwan (species) 900 keessaa 500 koniiferoota kanneen ta’an qofatu jiru. Addunyaa guutuu irra tamsa’anii argamoofi bosona addunyaa keessaa 1/3 isaanidha. Gareewwan beekamoon saayikaadotaafi koniiferoota. Kanneenis olaantummaan heddummachuu isaanii zoonii diilallaa iddoo cabbiin madda bishaanii ta’e keessatti qabatanii jiru. Amaloota jiminoospermooti ittiin beekaman muraasni

  1. Sanyii golgaa hin qabne qabu.
  2. Biqiloota koonota caasaawwan baala fakkaatan ispooraanjiyaa ispooriin keessatti dagaagu qabeeyyii dha.
  3. Marti tiraakaayidii zaayilamii qabu.
  4. Oovaarii dhabeeyyii waan ta’aniif firrii hin qaban.
  5. Biqiloota heteroospooriyeesii – maayikiroospoorota fi meegaaspoorota uummatan dha.
  6. Walhormaati saalessaa milkaa’uuf qilleensaan waan baatamuuf bishaan irratti hirkataa miti.
  7. Martinuu bardheeroo jireeyyiifi mukeen dheeroo ykn shiraabota dha. Gonkumaa herboota ykn bartokkee ta’uu hin danda’an.

Faayidaa dinagdee jiminoospermootaa:

  1. Muka lallaafaa ijaarsaaf oolan, warshaa waraqaafi kkf hedduutu irraa argama.
  2. Mukni paayinii madda haphee “turpentine” ti.
  3. Mukeen nyaataaf oolan ni jiru . Fkn Paayinii
  4. madda oomishama daawwa ta’uu
  5. Miidhaginaaf kan oolanis ni jiru. Fkn. Saayikaadota
Text Box: Shaakala 1.21
1. Marsaa jireenya biqilaa “Pinus” kitaaba biroo irraa barbaadaatii sadarkaalee hammataman eeruun fakkiin agarsiisaa gabaasaa.

ii)  Murna  xiqqaa  anjiwoospermii–  biqiloota daraaraa qabeeyyii  dachee irrat ti.       Lafa kanarratti

olaantummaan   kan beekaman  dha.        Sanyiwwan 250,000 ta’an maqaan moggaafameef hiru. Anjiwoospermoota milkaa’oo kan taasisan :

  • Sanyiin ovaarii keessatti haguugamee ittisa argachuu
  • Bakka koonii daraaraa qabaachuu fi bullaan daraaraa salphaatti tamsa’uu.
  • Bidoolleewwan garaagaraa keessa jiraachuuf ittibaroo dha.
  • Tishuun vaaskulaaraa
  • Firrii uummachuu danda’uu. Ooviyuuliin sanyiifi oovaariin mmoo firrii uumu.
Text Box: Shaakala 1.22
1.	Daandiwwan garaagaraa walhormaati alsaalessaa ittin raawwatamu xiinxaluun ibsaa.
2.	Caasaan biqiloota daraaraa walhormaata saalessaa keessatti qooda qaban agarsiisaa.

1.2.5. Mootummaa bineeldotaa

  • V.  Mootummaa Bineeldotaa

Bineeldonni hundi isaanii seelii hedduu irraa ijaaraman. Baay’een isaanii bakka irraa bakkatti socho’uu danda’u. Seeliin bineeldotaa halluu magariisa waan hin qabneef nyaata isaanii qopheeffachuu hin danda’an. Kanaafuu, hrtirootiroofikii jedhamu. Seeliin isaanii cichaa seelii hin qabu. Sirna narvii ni qabu. Bineeldonni murna (phyla) 33 qabu. Haata’u malee, kanneen keessaa kan gurguddoo ta’an qofa ilaalla.

  1. Murna poriiferaa (Fakkeenya: Ispoonjota)
    1. Murna seelentirata (Fakkeeny: nidaariyaa)
    1. Murna pilaatiihelementoota (Fakkeenya: Raammoo battee)
    1. Murna nemaatoodaa (Fakkeenya: Raammoo ulee)
    1. Murna Analiidaa (Fakkeenya: Raammoo sararaa)
    1. Murna Muluskaa (Fakkeenya: Bineeldota qaama lallaafoo, kan akka cilalluu)
    1. Murna Ikinoodarmaataa ( Fakkeenya: Bineeldota gogaa qoraattii)
    1. Murna Artiroopoodaa (Fakkeenya: Bineeldota miila walqabataa)
    1. Murna Kordaataa (Fakkeenya: Bineeldota Notokoordii qaban)

Murna armaan olitti tarreeffaman keessaa tokkoo hanga saddeetii kan jiran orgaanizimoota lafee dhabeeyyiidha. Murni kordaataa immoo lafee qabeeyyii hammata.

Murna koordaataa

Jechi kordaataa jedhu jecha notookoordii jedhu irraa dhufe. Notookordiin caasaa dadacha’uu danda’uu fi kan morgaa irraa hojjetamedha. Dabalataanis. karaa duuba (dorsal) bineeldotaa kan gad bu’u fi qaama bineeldotaa utubudha. Bineeldonni murna kordaataa jalatti ramadaman hundi amaloota armaan gadii waliin qabu.

  • Marsaa jireenya isaanii kessatti sadarkaa ta’e tokko irratti notookoordii ni qabu
    • Narvi koordii qaawwa ta’e ni qabu. Kun notookoordii olitti argama
    • Sadarkaa dagaagina isaanii jalqabaa irratti giili siltii qabu, kun booda irratti garuu gara sombaa fi giilii tti jijjiirama.

Vertebiratoota

Vertebiratoonni lafee wiirtuu dugdaa qabu. Dabalataanis amaloota armaan gadii qabu.

  • Iskeleetanii keessoo (endoskeleton) kan lafee ykn morgaa irraa hojjetame qabu
    • Sirna marsaa dhiigaa cufaa fi ujummoo dhiigaa qabu.
    • Sirna narvii dagaage qabu
    • Liimbii (extremes) cimdii lama qabu
    • Qaama usaansaa kale qabu

Murni kordaataa, gita (class) shan qaba. Isa anis:

  • Gita Qurxummiilee
    • Gita Amfiibiyaanotaa
    • Gita repitaayilootaa
    • Gita Allaattiwanii
    • Gita Hoosiftootaa

Gita Qurxummiilee: Qurxummiilee hunda hammata.

Qurxummiileen maadikiperiifi laangifishii irraa kanafe hundinuu bishaan keessa jiraatu. Caasaa qaamaa bishaan keessaa daakuuf isaan gargaaru qabu. Sirna hargansuu isaaniitiif giilii fayyadamu. Qurxummiileen hedduu irra keessaan (duuba) gurraacha yoo ta’an garaa jalaan immoo adiidha. Qurxummiileen ektootermoota. Kana jechuun, tempireechera qaama isaanii eeguudhaaf ho’a naannoo isaanii irratti hundaa’u.

Gita Amfiibiyaanotaa:

Gitin kun amfiibiyaanota kanneen akka fattee hammata. Jechi amfiibiyaa jedhamu jechoota Giriiki lama irraa dhufe. Isaanis: “Amfii”, jechuun hunda, akkasumas “baayosii” jechuun immoo lubbuu jechuudha. Kanaafuu amfiibiyaanonni gartokkee jireenya isaanii sadarkaa laarvaa ykn toodipoolii irratti bishaan keessatti dabarsu. Karaa biraa immoo sadarkaa ga’eessaa irratti lafa irra jiraatu. Amfibiyaanonni lafee qabeeyyii yeroo jalqabaaf lafa irra jiraachuu jalqabanidha. Somba salphaa korojo fakkaatu, qaama lallaafaa fi gogaa jiidhaa kan hargansuuf isaan gargaaru qabu. Giiliin sadarkaa laarvaa irratti qofa jiru hargansuuf gargaara. Adeemsi fertilaayizeeshinii alaa (external fertilization) bishaan keessatti raawwata. Amfiibiaanonni ektootermoota.

Gita Repitaayilootaa:

Repitaayiloonni irra caalaan lafaa irra jiraatu. Waggoota miiliyoonota hedduuf garee lafa kana irraa ol aantummaan jiraataa turanidha. Gogaan isaanii gogaadha (dry) akkasumas iskeelii of iraa qaba. Sombatti gargaramuun sirna hargansuu isaanii gaggeessu. Fertilaazeeshinii keessaa (internal fertilization) gaggeessuun anqaaquu (puphaa) sheelii qabu lafa irratti buusu. Repitayiloonni sadarkaa dagaagina miciree isaanii irratti giili siltii qabu, Gurra alaa hin qaban. Repitaayiloonni ektootermoota. Fakkeenya: Bofa, Naacha, lootuu fi kkf

Gita Allaattiwanii

Gitini kun sinbirroota hammata. Sinbirroonni qaama isaanii hedduu irrati baallee (feathers), miila isaanii irratti immoo iskeelii (scales) qabu. Koochoo ittiin balali’anis ni qabu. Mangaagaan isaanii ilkaan hin qabu garuu biikii caasaa gaafa fakkaatuun aguugame ni qabu. Sinbirroonn puphaa sirriitti dagaage fi sheelii jabaataan haguugame buusuun walhoru. Sirna lafee (iskeleetenii) salphaa waan qabaniif ulfaatina qaamaa salphaa qabu. Kanaafuu samii irra balali’uu ni danda’u. Sinbirroonni indootermoota. Kana jechuun tempireechera qaama isaanii eeguuf, adeemsa gubama soorataatiin anniisa qaama isaanii keessaa bahutti faffadamu.

Gita Hoosfitootaa

Hoosfitoonni bineeldota keessaa baay’ee beekamoodha. Hoosfitoonni korodaatota biro irraa amaloota hudduun addaa addummaa agarsiisu. Hoosfitoonni dhugaan xannacha aannanii (mammary gland) waan qabaniif dhala isaaniitiif aannan ni omishu. Akkasumas, ho’a qaama keessaa ol aanaa ni qabu, ho,a qaama isaanii kanas to’achuu ni danda’u. Xannachoonni dafqaa adeemsa ho’a qaama isaanii to’achuu keessatti gahee ni qaba. Hoosftoonni gogaa isaanii fi gurra alaa isaanii irratti rifeensa ni qabu. Hoosftoonni hedduun fertilaayizeeshinii keessoo gaggeessuun micireen uumame gadameessa keessatti erga dagaagee booda dhalata. Hoosftoota lafa kana irra jiratan keessaa, hoosftoonni qaamaan hamma xiqqaa ta’an shiriwu (Shrew) jedhamuun yemmuu beekamu, inni guddaan immoo arba (elephant). Fakkeenya hoosfitootaa keesaa dhalli namaa tokkodha.

Gita xiqqaa hoosfitootaa

Hoosftoonni akkaataa itti dhala isaanii argatan (dhalan) irratti hundaa’uun gita xiqqaa lama qoodamu. Isaanis: i)Gita xiqaa Pirotooteeriyaa

Monootermaatota:

Isaan Kun hoosfitoota buphaa (anqaaquu) buusani ilmaan garuu aannaniin guddisan dha. Fakkeenya: Daak-biildi pilaatipasii (duck-billed platypus)

ii)   Gita xiqaa Teeriyaa

  1. Gita irra xiqqaa Meetaateeriyaa Marsuupiyaalota (Marsupials):

Kanneen ilmaan gadameessaa keessatti hin dagaagiin dhalanidha. Isaan kun miciree hin dagaagiin erga dhalanii booda korojoo garaa isaanii jala jiru keessaa kaawwachuun aannan sooruun guddisu.

Fakkeenya: Kangaarroo, Ko’aalaa biirii (koala bear), opoosumii (opossum)

b.   Gita irra xiqqaa Iyuuteeriyaa (Hoosiftoota Dhugaa) Hoosfitoota ol-aanaa (higher mammals):

Dhala gadameessa keessatti guutumman dagaage dhaluun harma hoosisuun guddisu.

Fakkeenya: Hntuuta, Jaldeessa, Loon, Arba, Adurree, Namaa fi kkf.

BOQONNAA 2:         BAAYOLOOJII NAMAA

Kaayyoo Boqonnichaa

Xumura boqonnaa kanaatti barattoonni:

  • Dalagaalee sirna bullaa’insa soorataa ni tarreessu, fakkii sirna bullaa’insa soorataa kaasuun qaamolee garaagaraa ni agarsiisu;
  • Adeemsa bullaa’insa fi xuuxama soorataa ni addeessu;
  • Qulqullina afaanii fi fayidaa qulqullina fayyaa ni ibsu;
  • Caasaalee sirna hargansuu namaa adda baasuun dalagaa isaanii ni tareessu;
  • Qilleensaa ol fudhannu fi gadi baafnu wal bira qabuun garaagarummaa isaanii ni hubatu;
  • Tooftaalee hargansuu fi waljijjiirraa qilleensaa ni hubatu;
  • Qabattoota naannoo hargansuu irratti dhiibbaa qaban ni tarreessuun;
  • Tooftaa qulqullinni hargansuu eegamuu fi miidhaa timboo xuuxuu ni himu;
  • Tartiibota hargansuu nam tolchee tarreessuun ibsu;
  • Ruuqoolee sirna marsaa dhiigaa adda baasu;
  • Moodelii ilaaluun kutaalee onnee namaa addan baafatu;
  • Ujummoolee dhiiga sadanii fi qabiyyee dhiigaa adddan baasuun hubatu;
  • Garee dhiiga namaa akka sirna ABO fi Rh tti garteessu yaalu;
  • Dhukkuboota sirna hargansuu (aneemiya fi dhiibbaa dhiigaa tarreessuun ibsu;
  • Caasaa  fi dalaga sirna neervii addda baafatu;
  • Caasaa , dalagaa fi gosoota niwuronii hubatu;
  • Uumamaa fi daddarba ergaa neervii adda baafatu;
  • Hiikkaa sirbiduu fi gosoota isaanii addan baafatu;
  • Caasaalee fi dalagaalee ijaa fi gurraa adda baafatu;
  • Sirna walhormaataa namaa ibsu;
  • Garaagarummaa xannachoota indookiraayinii fi eksookiraayinii ni hubatu;
  • Uumama, amala, dalagaa fi gosoota hormoonii ni ibsu;
  • Mudaalee xannachoota indookiraayinii ni ibsu;
  • Hiikkaa usaansaa ni kennu;
  • Caasaalee adeemsa usaansaa keessatti qooda fudhatan ni tarreessuun ni ibsu.
  • 2.1  Sirna Bullaa’insa Soorataa

Dhangaaleen gurguddoon (kaarboohaayidireetii, pirootinii fi liipidii) nyaataan gara qaamatti

fudhataman akka jiranitti qaamaaf bu’aa hin kennan. Dhangaaleen kun qaamaaf faayidaa kan kennan yommuu daakamuun gara molikiyuulota xixiqqootti (sukkar tokkee, amino asiidotaa fi faatii asiidii fi gilaayiseroolittii, walduraa duubaan) yoo jijjiiramanii dha. Jijjiiramuun isaanii kun bulla’insa soorataa jedhama. Kana jechuun, dhangaalee gurguddoo hamman xixinneessuun qaawwa dhaabaa marrummaan akka seenuu danda’anitti qopheessuu dha. . Dhangaaleen kun qaamaaf faayidaa kan kennan yommuu daakamuun gara molikiyuulota xixiqqootti

yoo jijjiiramanii dha.

qallaa, kaapilaarii dhiigaa fi membireenii seelii muraasa sirna bullaa’insa soorataa keessatti argamaniin. Sirni kun dabalataan adeemsaalee kan akka soorata seensisuu, dabarsuu, kuusuu, xuuxuu fi qaamaa baasuu raawwata.

2.1.1    Qaamolee Bullaa’insa Soorataa

Qaamoleen sirna bul’insa soorataa bakka gurguddoo lamatti qoodamu: ujummoo soorataa fi qaamolee gargaaroo jedhamu (Fakk.2.1). Sirna bul’insa soorataa namaa keessatti bakka bal’aa kan qabatee jiru ujummoo yyommuu ta’u hanga meetira 6-9 kan dheeratuu dha. Ruuqooleen ujummoo kanaa: afaan, esoofagasii, garaacha, marrummaan qallaa fi marrummaan furdaa dha. Tiruu fi rajiijiin qaamolee/xannachoota gargaartota ujummoo soorataa alatti argamanii dha. Xannachoonni kun karaa ujummoolee addaa dhangala’oo isaanii bullaa’insa soorataa kemikaalaaf gara marrumman qallaa (dodineemii) tti dhangalaasu. Tiruun karaa ujummoo hadhooftuu ashaboo hadhooftuu yommuu dhangalaasu, rajiijiin immoo karaa ujummoo rajiijii inzaayimoota rajiijii dhangalaasa.

Fakkii 2.1 Sirna bul’insa soorataa namaa

2.1.2    Adeemsa Bullaa’insaa Soorataa

Bullaa’insi soorataa bifa lamaan gageefama: Bulllaa’insa soorataa fiizikaalaa fi Bullaa’insa soorataa kemikaalaa ti. Molikiyuulotni soorataa gurguddoon Ilkaanii fi maashaa ujummoo buullaa’insa soorataan caccabuun bullaa’insa soorataa fiizikaalaa jedhama. Adeemsa kanaan jijjiiramni bocaa waan argamuuf bullaa’insa kemiikaalaa keessatti inzaayimni dirra bal’aa argata. Bullaa’insa soorataa keemikaalaa keessatti gochaa inzaayimaatiin dhangaaleen gurguddoon gara monomeroota isaaniitti jijjiiramu. Kana jechuun;

·         Kaarboohayidireetoni (istaarchii, sukkar lamee) gara sukkar tokkeetti,

  • Prootiinooni gara amiinoo asiidiittiLippiidonni gara faatii asiidii fi gilaayiserooliitti jijjiiramu.

Bul’insa soorataa keemikaalaa kan geggeeffamu : istaarchiin afaan keessatti; pirootiniin garaacha keessatti; molikiyuulota soorataa gurguddoo sadan marrumman qallaa keessatti ta’a.

2.1.3    Caasalee Sirna Bul’insaa Soorataa

A.     Afaan

Holqa afaanii keessatti nyaatni ilkaaniin caccabee gargaarsa arrabaan walmaka. Kun bulllaa’insa fiziikaalaati. Bul’insa kemikaalaan amilesii gororaatu (taayalinii) istaarchii gara maltosiitti jijjiira.

Afaan keessa nyaatni boca kubbaa qabachuun gara esoofagasiitti liqimfama. Nyaatni kun kottonfannaa maashaa paristaalsisii jedhamuun esofagasii keessa dhiibamuun huutuu esoofagasii fi garaacha daangessu keessa darbuun garaacha seena. Huutuun kun isfinikterii paayiloorikii jedhama. Peristaalsisiin esoofagasii keessatti qofa kan raawwatu osoo hin taane ujummoo soorataa hunda keessatti haala jiruu dha. Adeemsa paristalsisii keessatti dabaree dabareen kutaan qaama soorataa nyaata booda jiru yommuu kottoonfatu inni nyaata dura jiru immoo diriirfachuun nyaata ofitti fudhata (Fakk. 2.2).

Fakk.2.2   Adeemsa paristaalsisii ujummoo soorataa

B.           Garaacha

Nyaati afaanirraa garaacha seene maashaa garaachaan sukkuumama. Kun bul’insa fiziikaalaati. Garaacha keessatti pirotiniin jajjaboon peepsiniin gara peptonitti jijjiirama. Pirotiniin aannanii dhangala’aan (casein) reeniniin (da’ima keessatti) gara pirotinii jajjabootti jijjiramuun peepsiniin bullaa’a. Xannachi garaachaa dhangala’aa cuunfaa garaachaa jedhamu maddisiisa. Qabiyyeen cuunfaa kana;

  • Inzaayimoota (peepsinii, reeninii)- bulleessuu pirotiniif
    • Asiidii (HCl) – holqa garaachaa asidawaa taasisuu, baakteriyaa nyaataa wajjin seenu ajjeesuu, pirootinii cicciruun gochaa peepsiniif saaxiluu.
    • Laanqessaa- dhaabaa garaachaa gochaa peepsiniirraa ittisuu.

Turtii sa’atii tokkoo hanga afurii booda nyaati bulbulamaan asiidawaa ta’ee kaayimii jedhamuun kan beekamu huutuu garaachaa fi marrummaan qallaa daangessu keessa darbuun marrummaan qallaa seena. Huutuun kun isfinikterii esoofaajaalii jedhama.

C.           Mar’umman qallaa

Marrummaan qallaan qaamolee sirna bullaa’insa soorataa keessa isa dheeraa ta’ee fi kutaa sadiitti qoqoodame kan argamuu dha. Isaanis; isa olii, odinemii; isa gidduu, jejineemii fi isa gadi, iliyemii dha. Mar’umman qallaa keessatti gosoonni soorataa gurguddoon sadanuu carraa inzaayimaan daakamuu qabu. Kunis haala armaan gadiin ibsamee jira (Gabatee 2.1).

Gabatee 2.1 Bullaa’insa soorataa marrummaan qallaa keessatti

InzaayimaMaddaAkaakuu soorataa bullaa’uFirii dhumaa
AmilesiiRajiijii , mar’umman qallaa  Istaarchii/ amilosiiMaaltosii
Sukireesiimar’umman qallaaSukuroosiiGiluukoosii+ Firuuktosii –
Maalteesiimar’umman qallaaMaaltoosiiGiluukoosii + Gilukoosii
Gaalaaktesiimar’umman qallaaLaaktoosiiGiluukoosii +Laakteesii
EksoopeptidesiiRajiijiiPeptaayidiiaminooasiidiitti
Tiraayipsinojini (inzayima miti si’ataa)tiraayipsiniitti ( inzayima si’ataatti)-
TiraayipsiniiRajiijiiPirotiniipeptaayidiitti
RajiijiiChiimootiraayipsinojiniiChiimootiraayipsinitti
chiimootiraayips iniiRajiijiinPirootiniiamino asiidiitti
LipeesiiRajiijiiCooma(gargaarsa hadhooftuu tiruutiin)faatii asidii fi gilaayiserooliitti

2.1.4    Xuuxamaa fi assimileeshenii

Dhangaalee soorata keessa jiran qaawwa dhaabaa marrummaan qallaa, kaapilaarii dhiigaa fi membireenii seeliitti fudhatamuun xuuxama jedhama. Caasaan mar’ummaan qallaa, viilaayii (viilli) xuuxama soorataaf haalaan mijataa dha. Sukkar tokkeen, daayipeptaayidii fi amino asiidiin viilaayii keessa geejjiba si’ataan ykn diffuushiniin kaapilaarii dhiigaa seenu. Dhuma irratti kaapilaaronni kun walitti dhufuun veeyinii addaa kan soorata xuuxame tiruutti geessu uumu. Veeyiniin kun hepatic portal veeyin jedhama. Faatii asiidii fi gilaayiserooliin ujummoo liimfii, laaktel, jedhamu seenuun naannoo onneetti, tiruurra ce’uun, veeyinii guddaatti xuruuru Nyaati xuuxamee sirna marsaa dhiigaatiin seelota bira ga’e dalagaa garaagaraaf oola. Kun immoo assimileeshenii jedhama.

2.1.5    Fayyummaa sirna bullaa’insaa

Goginsa garaa – bobbaan gogee dhabamsiisuuf rakkisaa ta’uu.

  • Sababa  –  Bishaanni       haala hin barbaachifneen bobbaa marrummaan furdaa keessa jiru keessaa xuuxamuun, nyaata faayiberii nyaachuu dhabuu, bishaan baayinaan dhuguu dhabuu
  • Miidhaa- yommuu ittanan qaawwi teessuu baqaquu, dhiita’uun kintaarotii fiduu
  • Ittisa – nyaata faayiberii nyaachuu, bishaan baayinaan dhuguu.

Garaa kaasaa-bobbaan laafee bishaan ta’uu

  • Sababa – patoojinootaan faalamuu,
  • Miidhaa- seelota gogsuun mancaasuu
  • Ittisa – qulqullina waliigalaa qabaachuu, bishaan gahaa dhuguu

Dhukuba ilkaanii

  • Sababa- nyaata booda lulluuqachuu dhabuu, rigachuu/miiccachuu dhabuu
  • Miidhaa- adeemsi bullaa’insi soorataa hanquu ta’uu; afaanni foolii baduu,
  • Ittisa – nyaata booda lulluuqachuu , rigachuu/miiccachuu
Text Box: Shaakala 2.1a:
1.	Laanqessaan cuunfaa garaachaa akkamiin garaacha gochaa peepsiniirraa ittisa?
2.		Bulleessuun kemikaalaa istaarchii eessatti eegalee eessatti raawwata? Kan pirootinii fi liipiidii hoo?
3.	Daa’imman nyaata keekkii fi karameellaa baayisan irratti tortoruun ilkaanii ni mul’ ata. Maaliif?
4.	Namoonni rakkina tiruu qaban nyaata coomaa ni dorkamu. Maaliif?
5.	Marrummaan qallaan booda carran nyaata hin bul’in hafee maal ta’a?

6.	Nyaata faayiberii gahaa of keessaa qaban muraasa eeri.

7.	Caasaa fi dalagaa marrummaan fuardaa ibsi.
  • 2.2  Sirna Hargansuu

Jechi hargansuu jedhu yeroo baayyee jecha rispaayireshenii jedhuu waljala jijjiiruun yoo gargaaramnes hiikkaan isaanii tokko miti:

  • Qileensa O2 niin badhaadhe fudhachuu fi qileensa CO2 n badhaadhe baasuun hargansuu ykn respaayireeshenii alaa (external respiretion) jedhama.
  • Somba keessatti O2 alvoolaayii keessa gara dhiigaatti dabaluu fi CO2 diiga keessa gara alvoolaayiitti lakkisuun waljijjiirraa qilleensaa jedhama.
  • seelota keessatti O2 fayyadamuun CO2 tti jijjiiruun immoo respayireshenii keessaa

/respayireshenii seelii (internal rispiretion) jedhama.

2.2.1.      Caasaalee sirna hargansuu

Qaamni ijoon sirna hargansuu somba yommuu ta’u caasaaleen isa tumsuun sirna kana  ijaaran immoo kan akka funyaanii, ujummoo funyaanii, laagaa, saanduqa sagalee, fi tiraakiyaa dha.

  • Tiraakiyaan naannoo sombaatti damee lama uummata- bironkaayii (qeen. bironkasi).
    • Bironkasiin somba keessatti deebi’ee dameelee hedduu uummata. Jalqabatti bironkasi lammataa; bironkasiin lammataa immoo bironkasii sadaffaa, ishee baayyee xinnoo uuma.
    • Tokkon tokkoon bironkasii sadaffaan deebi’uun ujummoo xixinnoo bironkiyoliisi jedhaman uumu.
    • Tokkon tokkoon bironkiyoliisi deebi’uun bironkiyoliisi dhumaa(terminal bironchioles) uummata.
    • Tokkon tokkoon bironkiyoliisi dhumaa deebi’un damee shifii ujummoo alvoolaayii jedhamu uummatu.
    • Tokkon tokkoon ujummoo alvoolaayii deebi’un, koroojoo qilleensaa ykn alvoolaayii uummatu(Fakk. 2.3).
    • Sombi nama tokkoo cimdii ta’ee holqa qomaa keessatti argama. Tokkon isaa aguuggii dachaa meembireenii piluraa jedhamuun marfamee argama. Dhaabaan holqa qomaa kan somba marsee jiru immoo pariital piluraa (parietal pleura) jedhamu.Sombi mirgaa isa bitaarra guddaa ta’e mucha sadii kan qabu yommuu ta’u inni bitaa xinnoo fi kutaa akka muchaa (lobes) lama kan qabuu dha. Sombi lachuu tilmaamaan kilogiraama 1.3 kan ulfaatan ta’e , inni bitaa isa mirgaa ni caala.

2.2.2    Dhiibbaa Caasaaleen hargansuu gara Olii qilleensa seenu iraatti qaban

Caasaaleen hargansuu garri olii (fkn. ujummoon funyaanii fi tiraakiyaan) qilleensa gara keessatti fudhatan irratti garaagarummaa hedduu uumuu dhaan dabarsu.

  • kaapilaarota gahaa qabu- kanaaf, qilleensa ho’isee dabarsa.
    • wantoota rifeensee fakkatan hedduu qabu- kanaaf, dhukkee, jarmii fi suddoonni adda addaa of duuba deebisu.
    • laanqessaa maddisiisu- kanaaf, dhukkee, jarmii, partikiloota xuuxun ol deebisu.

Fakkii 2.3 Sirna hargansuu namaa

2.2.3    Adeemsa Hargansuu

Hargansuun feezii lama qaba – qilleensa ol fudhachuu fi qilleensa baasuu.Qilleensa ol fudhachuun

inispaayireeshinii yommuu jedhamu baasuun immoo ekispaayireeshenii jedhama.

  • Yeroo Qilleensa l fudhachuu / inispaayireeshinii:
    • Maa shaan lafee cinaachaa inni alaanii ni kottonffata; inni keessaan immoo ni diriira.
    • Haalli kun lafeen cinaachaa ol ka’uun gara alaatti akka dhiibamu taasisa.
    • Yeruma kana maashaan diyaafiramii kottoonfatee gadi harkifama.
    • Haalli kun lamaan dabaluu qabee qomaa fi sombaa fiduun dhiibbaa somba keessa jiru gadi buusa.
    • Xinnaachuun dhiibbaa keessa immoo salphaatti inispaayireeshiniif haala mijataa uuma.
  • Yeroo ekispaayireeshenii  haalonni     inispaayireeshinii armaan olii tti eeraman bifa faallaa ta’en raawwatu. Kana jechuun;
    • Mashaan lafee cinaachaa inni alaanii ni diriira; inni keessaa immoo ni kottonffata.
    • Haalli kun lafeen cinaachaa gdi akka deebi’u taasisa.
    • Yeruma kana maashaan diyaafiramii diriiree ol qooqqifatal.
  • Haalli kun lamaan xinnaachuu qabee qomaa fi sombaa fiduun dhiibbaa somba keessa jiru dabalu.

Dabaluun dhiibbaa keessa immoo salphaatti eksipaayireeshiniif haala mijataa uuma.

2.2.4.      Waljijjiirraa Qilleensaa

Somba keessatti caasaan waljijjiirraa qilleensaa mijataan alvolaayii dha. Haldureen beekamaan adeemsa kanaa dhiibbaa gar-tokkee (P) makaa qilleensa alvolaayii fi kapilaarii sombaa keessa jiruti. Dhiibbaa gar-tokkee (P) jechuun, bakka qilleensi walmakiinsaan jirutti dhiibbaa tokkon tokkoon qilleensaa qabuu dha. Somba keessatti wal-makiinsi qilleensa alvolaayii fi kapilaarii sombaa gidduu jiru garagarummaa guddaa agarsiisa. Kana jechuun;

  • Marsaa dhiigaa dachaa keessatti dhiigni O2 hin qabne ykn O2 muraasa qabu (PO2

=40mmHg) ; CO2 baayyee (PCO2=45mmHg) qabu, onnee mirgaarra gara sombaa dhufa.

  •   Adeemsa inispaayireesheniin immoo qilleensi O2 baayyee (PO2 =105mmHg ); CO2 muraasa (PCO2=40mmHg) qabutu somba seena. Kana haala arman gadiin agarsiisuun ni danda’am  (Gabate 2.2):

Gabate 2.2 Dhiibbaa gartokkee qilleesa ijoo sirna hargansuu.

Dhiibbaa gar- tokkee(p)Qilleensa alvolaayiiDhiiga somba seenuuDhiiga somba ba’uSeelota qaamaa
PO2105 mmHg40 mmHg105 mmHg40Hg
PCO240 mmHg45 mmHg40 mmHg45Hg

Kanaaf, adeemsa diffushiniin O2 alvoolaayii keessa dhiiga seenuuf, CO2 immoo dhiiga keessa alvolaayii seenuuf dirqama (Fakk. 2.4). Haalli kun waljijjiirraa qilleensaa jedhama.Dhumarratti dhiigi qulqulluun (O2 baayyee (PO2=105 mmHg ), CO2 muraasa (PCO2=40mmHg) qabu gara onnee bitaatti deebi’a.

Fakkii 2.4 Waljijjiirraa qilleensaa alvoolaayii keessatti

2.2.5    Ariitii Hargansuu Irratti Wantoota Dhiibbaa Geessisan

Text Box: Leenjifamtootaa! Yeroo boqonnaa sirrii keessa jirtan daqiiqqa tokkotti al meeqa akka hargantan lakkooftanii beektuu?

Nami ga’eessi boqonnaa sirrii keessa jiru giddu galeessaan daqiiqaatti 12- 14 hargana. Qabeen

qilleensaa inni hargansuu tokkon fudhatee baasu immoo 500ml ta’a. Kun qilleensa qabee taayidaalii (tidal volume) jedhama. Hammidaan sombi qabachuu danda’uu immoo dandeettii vaayitaalii (vital capacity) sombaa jedhama.

Qaamni keenya qilleensa (oksiijinii) sababa ta’een baayinaan barbaadeera taanan waan lama gochuun dirqama. Isaanis: ariitiin harganuu fi gadi fageenyaan harganuu dha.Sababi kamiyyuu kan itti fayyadamuu oksiijinii dabalu ykn rukkina oksiijinii xinneessu hundi, ariitii hargansuu dabaluun isaa dirqama. Kanaafuu, haallen ijoon ariitii hargansuu irratti dhiibbaa geessisan kanneen armaan gadiiti:

  • Sochii qaamaaDhiphina/muddama/sodaachuuQoricha fayyadamuuAltitudiiUlfaatina qaamaaTamboo xuuxuu dha.

Shaakala 2.2b:

  1. Haalonni kun haala kamiin dhiibba ariitii hargansuu irratti fidu?( koorsii BSc 101 yaadadu)
  2. Altititiudii ol ka’aa irratti rukkinni (density) O2 maal ta’ah deema? dhibantaan isaa hoo? Maaliif?

2.2.6    Dhukkuboota Sirna Hargansuu

Dhukkuboonni sirna hargansuu madda garaagaraa qabu. Haata’u malee, kanneen kemiikaala aara tamboo fi paatojinoota maxxanoon dhufan kanneen baayyee hamoo ta’aniidha. Dhukkuboonni sirna hargansuu aara timboon dhufan keessa murasi:

  • Bironkaayitisii – kulkuluu (infamation) fi daariqaa’uu/hubaatii ujummoo (infection) bironkaayii
  • Emfaayisemaa – alvoolaayiin bokokuuf dhiita’uu.
  • Kaanserii sombaa – sombi seelota hin barbaachifnee fi kan seelota sirrii mancaasaniin wareeramuu dha.

Dhukkuboonni sirna hargansuu aara tambooti ala dhufuu danda’an-

  • Nimooniyaa – kulkuluu som baa sababa baakteeriyaa ykn vaayiresiin dhufuu dha.
  • Daranyoo sombaa (TB) -baakteriyaan kan dhufu.
  • Asimmii – jeequmsa adeemsa hargansuu kan sababa aalarjiin dhufuu dha.
Text Box: Laaboraatoorii keessatti mallii fi pirisiijeriin jiru hundi barsiisaa fi ogeessa laaboraatoriin qindaa’uun kan hojjetaman:
Yaalii I - Qilleensa ol-fudhatamuu fi gad-baafamu waliin madaaluu.


Yaalii II- gad-baafamu keessatti CO2, hurka bishaanii fi ho’a adda baasuu.

2.2.7    Qulqullina Hargansuu

Yeroo qilleensa ol fudhannu kamittuu maayikiroobota (microbs) dhukkuba fidan ol fudhachuun keenya dirqama. Maayikiroobonni kun qaama keessatti baayyachuun turtii dhaan balaa fiduu danda’u. Darbees afuurri nuyi baafannu namoota naannoo keenyaa ciigaasisuu/jibisiisuu hin qabu. Kanaaf, qulqullina hargansuu dhugoomsuuf seerota bu’uura ta’an hordofuun barbaachisaa dha. Seeronni kunis-

  • Nyaata booda yeroo kamiyyuu afaan ofii qulqulleessuu, ilkaan rigachuu/qulqulleessuu/.
  • Yeroo qufaanu, haxxiffannu afaanii fi funyaan keenya harkaa keenyaan golguu; Ofiis qaama keenya xuqame battalatti dhiqachuu .
  • Bakka faalami jira jennee shakkinutti aguuggii afaanii fi funyaanii fayyadamuu
  • Bakka jirrutti qilleensa gahaa fi socho’aa argachuuf haala mijeeffachuu (foddaa, balbala, vantileetorii, kkf. banachuu.)
  • Hargansuu afaanii xiqqeessuu/dhorkuu. Kun maaliif sitti fakkaata?

2.2.8    Hargansuu nam-tolchee

Yeroo tokko tokko hargansuun uumamaa dhaabbachuu mala. Kun haala kan akka- balaa  konkolaataa, bakakkaa, miidhama onnee, bishaaniin liqimfamuu, fe’amuu fi karbon

monoksaayidiin summaa’uu fi kkf.dha. Nama balaan akkasii mudate du’arraa baraaruun hanga gargaarsi ogeessaa argamutti tursuun kan dandaa’amu Hargansuu nam-tolchee kennuufiin ta’a.

Tooftaaleen hargansuu nam-tolcheen beekamoon:

  • afaaniin afaanitti,
  • afaaniin funyaanitti,
  • afaaniin afaanii fi funyaanitti, qileensa kennuun ta’a. Tartiibi hordofamuu qabu:
  • Gargaarsaaf nama waammachuu,
  • Miidhamtichi ofbeekuu (conscious) fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu,
  • Afaannii fi/ykn funyaani suddoowwan irraa bilisa ta’uu mirkaneeffachuu,
  • Mataa miidhamaa boodatti deebisuun hareeda isaa ol qabuun dugdaan ciibsuu,
  • Gidduu gidduun dhaggeeffachaa afaaniin afuura kennuufii itti fufuu,
  • Akka miidhamaan harganuu eegaleen gargaarsa dhaabuu.

  • 2.3  Sirna Marsaa Dhiigaa

Sirni kuni qaama keessatti dalagaalee ijoo armaan gadi raawwata:

  • Soorata bullaa’e, qoricha, farra qaama alagaa, hormonoota, O2 , naannoo qaamaa hundatti raabsuu.
  • Xurii qaama keessa jiran hundumaa baasuuf (fkn; CO2 , yuuriyaa,)
  • Ho’a qaama keessa tamsaasuuf
  • Dhukkuba ittisuuf fi kkf dalaga.

Orgaanizimoota seel-qeenxee keessatti dalagaaleen kun difiyuushinii salphaatiin raawwachuu kan danda’amu yommuu ta’u orgaanizimoota seel-hedduun garuu dabalataan sirna walxaxaa seelota hundaa uwwisuu danda’u qabaachuun dirrqama. Kanaaf, orgaanizimooti seel hedduun sirna geejibaa walxaxaa qabu. Sirni kun sirna marsaa dhiigaa jedhama. Qaamoleen sirna kanas; onnee, ujummoolee dhiigaa fi dhiiga.

2.3.1    Caasaa fi dalagaa ujummoolee dhiigaa

Sirn a marsaa dhiigaa keessatti wanti guddaan daandii geejjibi wantootaa ittin raawwatuu dha. Sirna kana keessatti daanndiin kun ujumoolee dhiigaati. Nama keessatti ujumoolee dhiigaa gosa sadiitu jiru: aarterii ykn ujummoo dhiiga raabsituu, veeyinii ykn ujummoo dhiiga deebistuu fi kaapilaarii. Aarterii fi veeyiniin mata matan baqqana sadi sadii yommu qabaatan kaapilaariin baqqana , indooteeliumi (endothelium) qofa qaba. Baqqanonni kunis;

  • Indoteliyeemii – baqqana keessaa
  • Tuunikaa meediyaa (tunica media)- baqqana gidduu , kirrii dhifamanii bakkatti deebi’uu danda’an (elastic fibers) irra kan ijaarame.
  • Tunikaa eksterna (tunica externa)- baqqana alaa, kirrii dhifamanii bakkatti deebi’uu hin  dandeenye (elastic fibers) irraa kan ijaaramedha. Caasaa fi dalagaan ujummoolee kanaa gabatee

2.3 keessatti walbiraqaban agarsiifamee jira.

Gabatee 2.3 Walbira qabaan ilaaluu caasaa fi dalagaa ujummoolee dhiigaa sadan

HaalaAarteriiVeeyiniikaapilaarii
Kallatti dhiiga geejjibuugara qaamotaattigara onneettiAarteriirraa gara veeyiniitti
Furdina baqqana TuunikaafurdaaHaphiiHin jiru, tishuu epitaliyaalii qofa.
Uutuu gamis baatiiHundee awortaa fi palmonaarii aarteriirra qofa jiraQabuHin qaban
Dhiibbaa dhiigaaOl aanaaxiqqaaBaayyee gad bu’aa
Reetii paalsiiOl aanaaxiqaaBaayyee gad bu’aa
Saffisa yaa’uu dhiiga baataniariifataaSuutaBaayyee suuta
Qabee dhiiga baataniimuraasaBaayyee ol aanaaOl aanaa
Qabiyyee dhiigaO2 niin Badhaadhaa (p.aarterii malee)CO2 niin badhaadhaa (p. veeyinii malee)O2 fi CO2 walmadaalu qabu
Bakka ka’umsaaOnneeDhuma fiixee kaapilaariirraDhuma fiixee aarteriirraa
DameeInni guddaan awortaa; inni xinnoon artiriyoolii jedhamaInni guddaan vanakaavaa; inni xinnoon immoo aartiriyoolii jedhamaHin qabu

2.3.2    Caasaa fi dalagaa onnee

Onnen nama tokkoo aboottee isaarra/isheerra kan hin caalle yommuu taatu, somba lamaan gidduutti gara bitaatti siquun argamti. Onneen namaa akka waliigalaatti:

  • Alaan membireenii cimaa periikaardiyeemii jedhamuun uwwifamtee argamti. Keessan tishuu cimaa seeptam jedhamuun bakka lamatti: kutaa bitaa fi kutaa mirgaatti qoodamtee jirti.
  • Kutaan gara mirgaa dhiiga dii’oksijineetidii (O2 nii muraasa, CO2 baayyee) yommu qabatu inni bitaa immoo dhiiga oksijineetidii (CO2 muraasa, O2 baayyee) qabata.
  • Tokkon tokkon cinaachaa goloota lamatti qoodamu; garri olii lamaan oriikiloota/atiriyaa ;

garri gadii lamaan ventiriikiloota.

  • Dhaaban ventiriikiloota kan atiriyootaarra furdata. Achumattuu, ventirikiloonni bitaa furdinan dhaabaan ventirikiloota mirgaa ni caalu (Fakk.2.5).
  • Huutuu gosa garaagaraa ofkeessaa qabdi. Huutuu baayikaaspidii – oriikilii fi ventiriikilii  bitaa gidduutti kan argamu yommuu ta’u dhiigi ventiriikilii bitaa seene gara oriikilitti bitaatti akka hin deebine ittisa .Huutuu tiraayikaaspidii – oriikili fi ventiriikilii mirgaa gidduutti kan argamu yommuu ta’u dhiigi ventiriikilii mirgaa seene gara oriikilitti mirgaatti akka hin deebine ittisa. Huutuwwan kun lamaan walitti huutuu atiryoo- ventiriikulaarii jedhamu.

Huutuu gamiis-baatii- bu`uura awortaa fi palmonaarii aarteriitti kan argaman yommuu ta’u dhiiga akka of booda hin deebine ittisu.

Fakkii 2.5 Caasaa onnee namaa

Text Box: Shaakala 2.3a:
1.	Marsaa dhiigaa keessatti ga’een onnee maali?
2.	Goloota onnee arfan akka furdina isaaniitti tarreessi.
3.	Furdiinaan garaa garaagara ta’uun maddi isaa maali?

2.3.2.1 Makaanizimii dalagaa onnee

Onneen dirirfachuun dhiiga fudhatee, kottonfachuu ofkeessaa dhiiba. Kottonfachuun onnee sistoolii

yommuu jedhamu dirirfachuun immoo diyastolii jedhama. Dalagaa onnee keessatti:

  • Kottoonfannaa fi diriirfannan oriikilootaa walfaana. Kan ventirikiloottas akkasuma. Garuu, yommuu oriikiloonni kottonfataa jiran ventitrikiloonni dirirfachaa jiru ykn galagalchoo/garagalchoo kanaati.
    • Rukuttaan onnee/sagaleen onnee kan dhaga’amu sababa kottonfannaa onneen osoo hin taane sababa cufamuu huutuwwan onneeti. Rukuttaa onnee tokko keessa sagaleen lama kan jiru ta’e waliigalaan sekondii 0.8 fudhata. Cufamuun atiryoo- ventiriikulaarotaa , battala kottonfannan oriikilootaa xumuramuun kan dhaga’amu ta’ee , sagalee/rukuttaa duraa ‘lub’ jedhu dhageessisa. Cufamuun huutuu gamis baatii, battala kottonfannan ventirikilootaa xumuramuun kan dhaga’amu ta’ee, sagalee/rukuttaa lammataa ‘dub’ jedhu dhageessisa.

Nama fayyaa ga’eessa boqonnaa irra jiruu keessatti rukuttaan onnee giddu galeessaan daqiiqqaatti 72 ta’a.

  • Onneen kan kottonfatu ergaa narvii ofii issatiin uumatuun ta’a. Ergaan kun tishuu saayinoo atiriyaal noodi ykn tishuu pees meekerii jedhamuu fi orikilii mirgaa gara olii afan vanakaavaatti siqee jiruun ta’a. Ergaan neervii tishuu pees meekeriin madde oriikiloota walga’ee boodarra gara ventirikilootaatti tamsa’a.
    • Dhiibbaa onneetiin humni dhiigi dhaabaa aarteii irratti lakkisu dhiibbaa dhiigaa jedhama. Dhiibban dhiigaa guddan kan galmaa’u feezii sistolii irratti yommuu ta’u isheen xinnoon immoo feezii diyaastolii irratti. Meeshaan dhiibbaa dhiigaa safaruuf gargaaru Isfigimomanoomeetirii (sphygmomanometer) jedhama. Meeshaa kanarraa dubbisuun
  • yommuu barreessi, siistolii irra diyastoolii oolchuu dhaan ta’a. Fakkeenyaaf dhiibbaan dhiigaa nama fayyaa fi ga’eessaa 120mmHg/80mmHg ta’a.

2.3.2.3. Marsaa Dhiigaa

Akka waliigalaatti marsaan dhiigaa gosa lamatu jiru.Isaanis; Marsaa dhiigaa dachaa fi qeenxee dha. Marsaa dhiigaa dachaa keessatti dhiigi marsaa tokko keessatti al- lama onnee keessa darba. Kanaaf, marsaan dhiigaa akkasii feezii lama qaba- marsaa palmoneerii  (sombaa fi onnee gidduu) fi marsaa sirnaa (qaamaa fi somba gidduu) ti. Namaa fi allaattota qofaatu marsaa dhiigaa dachaa qabu. Marsaa qeenxee keessatti dhiigi marsaa tokko keessatti al tokko qofa onnee keessa darba.

Dhiiga qaamarraa onnee seenaa jiru irraa yoo kaane marsaa dhiigaa tartiiba armaan gadiin agarsiisuu ni dandeenya (Fakk. 2.6).

  • OM→VM→AP→Somba→VP→OB→VB→Qaama

(OM-orikilii mirgaa; VM-ventirikilii mirgaa; AP- aarterii palmonarii ;VP-veeyinii palmonarii; OB- orikilii bitaa ;VB-ventirikilii bitaa )

2.3.3      Caasaa fi dalagaa dhiiga

Dhiigi ruuqoolee lama qaba: kutaa dhangala’aa ( pilaazimaa) fi kutaa jajjaboo (seelota dhiigaa). Pilaazimaa dhangala’aa bifa keelloo daalcha kan qabu ta’ee dhiiga keesaa % 55 qabata. Pilaazimaa keessaa %90 bishaan yommuu ta’u, % 10 immoo garee gurguddoo sadan armaan gadii qabatee jira: Pirotinii dhiigaa (Gilobuliini, Albuumiini, faayibirinojinii)

Dhangaalee (gilukoosii, Laaktik asiidii, liipidii, faatii asiidii, albuudota, viitaaminoota) Xurii naayitirojiinii ( yuuriyaa, yirikasiidii)

Pilaazimaa keessatti; bishaanni kan qabatu ta’ee warri hafan hundi(fayibironojinoota, Pirootinoota, lipidsii, amiinoo asiidii, ashaboolee, inzaayimoota, hormoonota, farra qaama alagaa, qaama, alagaa,

yuuriyaa fi kan biroon) %10 qabatu. Pilaazimaan fayibironojinoota hin qabne seerami jedhama. Seelotii dhiigaa akaakuu sadiitu jiru- seelota dhiiga dhiimaa, seelota dhiiga adii fi pilaatileetota. Seelotni kun hundi dhuka lafee keessatti kan uumaman yoo ta’ans garagarummaa muraasa qabu. Garagarummaan kunis haala gabatee armaan gadii keessatti ibsameen agarsiifamee jira.

Gabatee 2.4 Gosoota dhiigaa namaa

HaalaSeelii dhiiga diimaaSeelii dhiiga adiipilatileetii
Baayina (mm3 keessatti)5,000,0007000250,00
DalagaaO2 fi CO2 muraasa geejibuu-farra qaama alagaa qopheessuu -baakteeriyaa liqimsuuDhiiga dhangala’e itichuu
NiwukilesiiGa’eessi hin qabu (Hoosistootaa fi nama keessatti)QabuHinqaban
UmuriiGuyyaa 120Guyyaa muraasaGuyyaa 5-9
Hamma8-12µmLamaanuu ni caala 2-3 µm 
BocaBaayikonkeeviiGaraagara Luggee 
Gosa Akaakuu gurguddoolamatu jiru jiru: granuloosaayitii fi agranuloosaayitii. 

FAkkii 2.6 Marsaa dachaa namaa

2.3.4      Garee dhiiga namaa

Seelonni hundi dirra isaanii irratti pirootinii addaa qaama alagaa (antigens) jedhamau  qabu. Seelonni pirootinii kana gargaaramuun walii isaanii fi seelii alagaa adda baafatatu. Haaluma walfakkaatuun seelonni dhiiga diimaa dirra isaaniirra qaama alagaa (antigen) garaagaraa qabu. Haalli kun namoonni garee dhiigaa garaagaraa akka qabaatan taasisee jira. Sirni garteessuu dhiigaa beekamoon lamatu jiru. Isaanis: sirna dhiigaa ABO fi sirna faaktorii Rh (rhesus factor) ti.

Akka sirna kanaatti dhiigi seelii dhiiga diimaa keessa qaama alagaa gosa lamatu jiru: qaama alagaa A fi qaama alagaa B jedhamu. Akkasumas pilaazimaa dhiigaa keessa farra qaama alagaa (antibody) gosa lamatu jiru : farra qaama alagaa “a”,( kan garee ‘A ‘ tiin oomishamu) fi farra qaama alagaa”b”,

( kan garee ‘B‘tiin oomishamu) jedhamu. Haaluma kanaan akka sirna kanaatti garee dhiigaa afurtu jiru: garee A, B, AB fi O ta’u (Gabatee 2.5).

Gabatee 2.5 Garee ddhiigaa namaa

Garee dhiigaaQaama alagaaForra qaama alagaaGaree inni dhiiga irraa fudhatuGaree inni dhiiga Kennuuf
Ohinqabua, bOA, B, AB,O
ABA fi BHin qabuA ,B ,AB,OAB
BBa (qaama alagaa B kan fittisu/jibbu)O fi BB, AB
AAb (qaama alagaa A kan fittisu/jibbu)A fi OA, AB

Akka sirna faaktorii Rh tti, dhiigi namootaa Rh+ fi Rh jedhamuun bakka lamatti  qoodamu. Namoota keessaa 85% kan ta’an meembireenii seelii dhiiga diimaa irratti pirootinii rhesus(Rh) jedhamu yommuu qabaatan %15 kan ta’an immoo hin qaban. Namoonni akkasii duraa duubaan Rh+ fi Rh  jedhamu. Namoonni Rh+  ta’an  farra qaama alagaa  Rh irratti hin qopheessan, warri Rh  garuu ni qopheessu . kanaaf, sirna kana yommuu xiyyeeffannu nami Rh dhiiga nama Rh ta’e qofaarraa yommuu fudhatu nami Rh+ ta’e garuu nama Rh gosa kam qaburraa iyyuu fudhachuu ni danda’a.

Qorannoo dhiigaa booda sirn lachuu walitti fiduun haala armaan gadiin ibsina:

Text Box: O- = garee O, Rh- O+ = garee O , Rh+
A- =	garee A, Rh+
A+ = garee A,Rh+
B- =	garee B, Rh- B+ = garee, B, Rh+ AB- = garee AB-, Rh- AB+ = garee AB, Rh+
Text Box: Shaakala 2.3b:
1.	Gosoota dhiiga adii gurguddoo shanan tarreessuun garaagarummaasaa ibsi.
2.	Nama garee dhiigaa armaan gadii qabu garee dhiigaa inni irraa fudhatuu fi kennuuf adda baasi.   a A-	b. A-	c. AB+ d. O+

2.3.5    Dhukkuboota marsaa dhiigaa

Dhukkuboonni marsaa dhiigaa beekamoon aneemiyaa (hir’ina dhiigaa) fi dhiibbaa dhiigaati.

  1. Aneemiyaa – Sababni aneemiya gosa garaagaraatu jiru:
  • xiqqeenya oomisha heemogiloobinii hanqina aayireenii, vitamin B12 , vitamin C fi foolik asiidiirra madduu dha.         –
    • dhangala’uu dhiigaaa (heemofiiliyaa)
    • caccabuu  /manca’u      seelota dhiiga diimaa (Summii bofaa, summii ginxii, summii mashroomii, busaa,)
    • boci heemoogilobinii mudaa qabaachuu/hokkoo ta’uu(sickle cell anaemia?)

shaakala 2.3c:

  1. Kitaaba wabii dubbisuun ykn ogeessa fayyaa gaafachuun sababoota dhiibbaa dhiigaa fi mala ittisa isaa ibsi.
  2. Heemoogilobiniin boca hokkoo qabaachuun isaa haala kamiin sirna marsaa dhiigaa danqa?
  • 2.4.   Sirna Narvii

Sirni naarvii seelota addaa dalagaa armaan gadii qaban irraa kan ijaaramee dha.

  • Rifachiisoo naannoo irraa fudhachuu. Kun orgaanizimoota seel-hedduu keessatti seelota narvii addaa sirbiduu (receptors) jedhamaniin raawwata.
    • Rifachiisoo gara erga elektirikaalaatti jijjiiruu. Adeemsi kunis tiransidaakshenii

(transduction) jedhama.

  • Erga elektirikaalaa qopheessan sadhataan bakka fagoo, raawwattoota (effectors) jedhamanitti dabarsuu. Raawwattoonni xannachootaa fi mashaalee qaamaa ta’anii kan deebii sirni neervii wiirtuu qopheesse raawwatanii dha.

2.4.1    Caasaa Niwuronii

  • Niwurooniin bu’uura caasaa fi dalagaa sirna narviiti. Tokkoon niwuroonii kutaalee sadii qabdi(Fakk. 2.7).:
    • Qaama seelii – kutaa niwuronii dhiita’aa ta’ee kan niwukilesii niwuronii fi organeloota biro qabatee jiruu dha.
      • Dandiraayitii /miigoo niwuronii- dameelee baayyee, gaggabaaboo gama  tokkoon  qaama seeliitti qabatanii jiranii dha. Dandiraayitiin chaaneloota ergaa neervii gara niwuroniitti seensisanii dha.
      • Aaksonii /ulee niwuroonii – damee qeenxee, dheeraa gama tokkoon qaama seeliitti qabatee jiruu dha. Aaksoniin chaanela ergaa neervii qaama seelii irraa gara niwuronii birootti ykn raawwattootatti geessuu dha. Niwuronoota baayyee keessatti kan deggersa soorataa taasisuuf seelota niwuronii biro isaan aguuguun jiranii dha. Seelota kana keessa

warri beekamoon lamaan, seelota shiwaanii (Schwann cells)fi oliigoodendirosayitoota (oligodendrocytes). Niwuronoota baayyee keessatti seelonni kun uwwisa coomaa qopheessuun aaksonii aguuganii argamu. Uwwisi coomaa kun maayilen shiiz (myelin sheeth) jedhama. Qaami aaksonii darbee darbee uwwisa kana hin qabu. Bakki qullaan kun dhiita Raanveeyir (node of Ranvier) jedhama . Ergaan narvii dhiita tokkorraa gara dhiita itti aanuutti utaaluun ariitiin saffisa. Kanaaf niwuronoonni uwwisa kana qaban hariitii guddan ergaa daddabarsu.

Fakki 2.7 Caasaa niwuronii

2.4.2    Gosoota Niwuronii

Niwuronoota haala garaagaraan ramaduu dandeennya: Fkn; dalagaan, bocaan,

  • Dalagaa dhaan niwuronoonni bakka sadiitti qoodamu: Niwuroni miirawaa, motoraa fi gamteessituu

Niwuronii miirawaa

  • Seelota narvii qaamolee miiraa qofa keessatti argama.
  • Dhaamsa narvawaa qaama miiraa irraa gara sammuu ykn ispaayinaal koordiitti geessa.
  • Qaamota miiraa keenya sammuu wajjin walquunnamsiisa.
  • Niwurononni mirawwon qaama seelii SNW alatti qabu. Narvii keessatti waliti qabani  qma aaseelii kun dhiita gangiiliyaa (qenx.) gangiiliyoo (bay.) jedhamu mul’isa.

Niwuronii motorawaa.

  • Sammuu keenya maashaa fi xannachootaa wajjin walquunnamsisa.
    • Qaami seelii isaanii sirna navii keessatti argama

Niwuronii gamteessituu

  • Sirna narvii wiirtuu keessatti niwuronota miirawaa fi mootoraa walitti gamteessa.
  • Yeroo hundaa sirna navii keessatti argamu.
    • Niwuronoonni boca isaaniin bakka sadiitti garteeffamu: malti-poolaarii , yuunii-poolaarii fi baayi-poolaarii(Fakk.2.8 ).
    • Malti-poolaarii-  qaami seelii isaanii      denderaayitoota baayyee uumata, fkn: niwuronoota gamteessituufi mootorawaa keessatti.
    •   Yuunii-poolaarii -aksonii fi denderaayitii qeenxee ta’un qaama seelii bakka garaagaraa iirra uumamu qabu, fkn: niwuronoota miirawoo tokko tokko.
    • Baayi- poolaarii –      aksonii fi denderaayitiin qeenxee; qeenxee ta’un qaama seelii bakka tokkorraa iirra uumamu, fkn: niwuronoota miirawoo tokko tokko.

A= miigoo (denderaayitii ) B=qaama seelii C=aksonii

Fakkii 2. 8 Boca garaagaraa niwuroonota keessatti (1)baayipoolaarii, (yuuniipoolaarii) (3)malti poolaarii

2.4.2. Walitti hidhamiinsa niwuronii

Daddabarsuu ergaa narvii keessatti niwuronoonni ykn niwuronoonnii fi raawwattoonni qaaman wal hinxuqan, bakka xiqqootu gidduu isaanii jira. Bakki kun saayinaapsii jedhama. Niwuroniin saayinaapsii dura jiru duree saayinaaptikii yommuu jedhamu; inni booda jiru immoo duubee saayinaaptikii jedhama. Niwuronota fuuncaan jiran keessatti niwuroniin saayinaapsii isa tokkoof duree ta’e isa itti aansee jiruf immoo duubee ta’a.

Fkn: niwu.1——-sayinapsi1——niwu.2—-sayinapsi2————— niwu3 niwu.1- duree say.; niwu.2-

duubee say.; niwu3-duubee say. Niwu.2 – sayinapsi1f duubee dha sayinapsi2 garuu duree dha.

2.4.3    Narvii

Qudoon seelota narvii (niwuronii) aguugii tokko jalaa narvii jedhama. Neerviin baayyeen niwuronoota miirawoo fi mootoraa qabatanii jiru. Isan kun nervota makamoo jedhamu. Narvoti murasi niwuronoota miirawoo qofa qabatani jiru, fkn: Narvii olfaaktorii, narvii optikaalii . Narvoni niwuronoota miroo hin bqaabne neervii mootra jedhamu.

2.4.3    Kutaalee Sirna Narvii

Sirni narvii sirna narvii wiirtuu (SNW) fi sirna narvii moggaa (SNM) jedhamuun bakka lamatti qoodama. SNW sammuu fi ispaayinaal koordii kan qabatee jiru yommuu ta’u, SNM immoo neervota SNW seenanii fi ba’an hunda qabatee jira.

2.4.3.1.      Sirna narvii wiirtuu

A. Caasaa fi dalagaa sammuu

Waan namni dalagu hunda: ogummaa, dandeettii ,nyaachuu, rafuu, jaallachuu, qaroomina fi kkf abbummaan kan to’atu sammu dha. Sammun alaan lafee buqqee mataa iskaalii; keessan immoo membireenii meninjaayitii jedhamuun haguugamee jira. Sammuun guutummaatti, akkasumas ispayinaalkoordiin, dhangala’aa qulqulluu dhangala’aa seero-ispayinali jedhamuun qabamee jira.

Muraa dalgaatiin (cross sectionally) yommuu ilaalamu sammuun kutaa lama qaba: qaamni xiilloo gara alaatti , qaamni adiin immoo gara keessatti argama. Sammuun zoonota gurguddoo sadiitti qoodama:

  • Zoonii duree
  • Zoonii gidduu
  • Zoonii duubee
  • Zooniin  dureen  caasaalee   sadii  qabatee  jira.      Isaanis  :                                                                                 talamasii,haayipootalamasii fi sereebireemii qabatee jira.

Talamasiin – wirtuu duree sammuutti kan argamu ta’e dalagaalee kan akka: dhaamsa miirawaatti hiikka kennee gara kutaa korteksii serebiraalii isa ilaallatuutti dabarsa.

Haayipotalamasiin  –  jala  talamasiitti  kan  argamu  ta’e  dalagaalee   kan  akka:                                                                                                                                         to`annaa ho`aa, madaala bishaanii , beela, dhiibbaa dhiigaa, kkf, raawwata

Sereebireemiin – dalagaa lee kan akka yaadachuu, baraachuu, xiinxaluu keessatti hirmaata

  • Zooniin dubee sammuu caasaalee kan akka : serebilamii, poonsii fi medullaa obolongaataa

qabatee jira.

Meduullaa    olongaataa – Dalagaalee kan akka: Dha’annaa onnee sirreessuuf , Hariitii fi humna rukuttaa onnee sirreessu, Hariitii fi gad-fageenya hargansuu to’ataa, Dalagaalee kan akka dubbii,

qufaa, haxxisoo, gorooruu, balaqqamuu, cuunfaa garaachaa fi mar’ummanii qopheessuu, sochii arrabaa fi mataa hordofa.

Poonsii/Pons/: Dalagaalee kan akka: ergaa hundee sammuu keessa olii fi gadi, hundee sammuu fi serebileemii gidduu deddeebisa, wiirtuu gochaalee kan akka hirribaa, dhaga’uu, madaallii, dhadhammii, sochii ijaa, fuula ifaa, harganuu, liqimsuu, to’anna afuuffee fincaanii, boqqonnaa fi dhaabbii qaamaa to’ata.

  • Zooniin gidduu sammu gidduu sammuu qabatee jira.

Gidduu sammuu – dalagaa kan akka to’annaa sochii, waransaa/dhukkubbii, xiyyeeffannaa ilaaluu, rifu liphii dhageetti to’ata.

Text Box: Gocha 2. 4a.:
Akka garee keessaniitti kitaba wabii mana kitaabaati dubbisuun gabasa dareef dhi’eessa
1.	Sammuu keessatti maddi halluu qaama xiilloo fi adii maal fa’ai?
2.	Kutaan sammuu inni guddan isa kami?
3.	Meninjaayitiin baaqqaana meeqa qaba? Tarreessun ibsi.
4.	Dalagaan dhangala’aa sero-ispayinali maali?
5.	Dalagaa serebilemii ibsi.

A. Ispaayinaal koordii

Bocan ujummoo ta’e medullaa obilongaataa irraa eegaluun gara teessuutti kan gadi dheeratuu dha. dheerinna waligala naannoo mm 430 fi furdina naannoo mm20 qaba. Muraa dalgaatiin yommuu ilaalamu, keessi boca qubee’ H’ qabaatee halluun xiilloo yommuu ta’u alli immoo adii dha (Fakk.2.9). Maddi halluu xiillo kana qaamolee seelii niwuuroonota gamteessituu fi motoorawaa gobbinaan gara keessaa jiraachuu agarsiisa. Maddi halluu adii immoo aksonoonni niwuronii baayinaan alaan argamuu isaanii agarsiisa.

Fakkii 2.8 Caasaa muraa dalgaa ispaayinalkoordii

52

Shaakala 2.4b:

Text Box: o	Addaachuu qaama adiif sababni aksonoonii bakka sana keessatti baayyatanii dha. Addaachuu aksonoota kanaafd hoo maaltu sababa ta’a jetta? (Waa’ee uwwisa aksonii yaadi)
o	Dalagaan Ispaayinaal koordii maal fa’i?

2.4.3.2 Sirna Narvii Moggaa (SNM)

Narvota sammuu fi ispaayinaal koordiitti hidhamanii jiran hunda qabatee jira. Narvonni sammuutti hidhamanii jiran narvota sammuu ykn narvota kiraayinaalii yommuu jedhaman warri ispaayinaal koordiitti qabatanii jiran immoo neervota ispaayinaalii jedhamu. Narvonni kiraayinaalii lakkoofsaan cimdii 12. Fkn.

Cimdiin I ffaa; Narvii olfaaktorii Gosa neerviin- hundi miirawoo dha. Dalagaan – urguffaa

Ka’umsaan – olqa funyanii Cimdiin II ffaa- Narvii optikii

Gosa narviin – hundi miirawoo dha Dalagaa    –                   arguu

Ka’umsaan       – Retina

Narvonni ispaayinaalii immoo cimdii 31. Qeenxeen 31 karaa boodaa, qeenxeen 31 immoo karaa fuduraa ispaayinaal koordiitti qabatanii yommuu argaman duraa duubaan hundee duubee fi hundee duree jedhamuun waamamu. Narvonni hundee duubeen naarvota mirawoo yommuu ta’an warri dureen immoo narvota mootoraati.

Haata’u malee SNM dalagaa dhaan bakka lamatti qoodamu : SNM miirawoo fi SNM mootoraa ti. Tokko tokkoon isaanii deebi’uun damee sometikii fi damee veseraalii jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Dameen SNM mootoraa veseraalii deebi’uun damee lamatti qoodamu: simpatatikii fi parasimpataatikii. Simpataatikii fi paraasimpataatikii walitti sirna neervii addaa uumu. Sirni narvii kun sirna narvii of- danda’oo (Autonomus Nerve System) jedhamu. Dameen simpatatikii haala muddama, sodaa fi dhiphinaa keessatti qaama deebiif (sochiif, lolaaf, baqachuuf) qopheessa. Dameen paraasimpataatikii haala nagaa fi tasgabbii keessatti qaamni cal- akka jedhu jajjabeessa.

2.4.4    Gochaa rifuu liphii

Gochaan  rifuu  liphii,  rifachiisoof  deebisa  battalaa fi  ariifataa     kan kennan ta’anii amala armaan gadii qabu:

  • Rifachiisoof deebi’i fedhiin ala kennuu .
  • Orgaanaizimii balaa, rifachiisoon fiduu irraa oolchuu.
  • Sirna narvii keessatti marsaa salphaa uumu.
  • Barnootaan hin argaman /muuxannoon hin argaman
  • Dhaabbataa dha /bifa walfakkaatuun raawwata(Stereotyped) – sanyii tokko keessatti yeroo kami iyyuu bifa wal-fakkaatuun raawwata. Fkn. Yeroo nyaata  arginu /foolii fuunu gororuu, yoo funyaanni horfame haxifachuu.

2.4.4.1 Marsaa rifuu liphii

Daandiin daddarba ergaa neervii gochaa rifu liphii keessatti marsa rifuu liphii jedhama. Marsaan kun ruuqoolee 4 ykn 5 hirmaachisu. Isaanis : sirbiduu miirawaa, niwuronii lama ykn sadii , sammuu ykn ispaayinaal koordii fi raawwattoota. Marsan rifuu liphii niwuronii lama (mirawaa fi mootora) ykn sadanuu hirmaachisu. Fakkeenyaaf; roqomuun jilbaa niwuronii lama (baayiniwurali) yommuu hirmaachisu; miilli qoree irraa butachuu, quba ibdarra butachuu, fi kkf immo niwuroni sadan (tiriniwurali) himachisu.

  • Gochi rifuun liphii sammun qindeeffamu rifuu liphii kiraniyalii jedhama. fkn: ija libsachuu, haxiffachuu. Gochi rifuun liphii ispaayinaalkordiin qindeeffamu immoo rifuu liphii ispaayinaalii jedhama.

Shaakala 2.4c

Text Box: 1.	Marsa rifu liphii rmaan gadii keessatti ruuqoolee jiran edda tarreessitanii booda xiyya gargaaramuun agarsiisaa.
a.	roqomuu jilbaa	b. miilla qoree irraa butachuu
2.	Faayidaan rifu liphii maali?

  • 2.4.5.      Daddarba ergaa neervii fi niwurotiranismiterii

Ergaan neervii saayinaapsii keessa darbuun niwuronii ykn raawwataa bira ga’a. Membireeniin duree saayinaptikii maayitookondooriyaa fi vesikiloota saayinaptiki hedduu qabatee jira. Vesikilonni kun kemikaala dabarsaa ergaa narvii ykn niwurotiranismiterii  (niwurotransmiter)  jedhamuun waamamu qabu. Niwurotiranismiterin karaa holqa sayinaapsii ergaan neervii niwuronii iraa gara niwuronii birootti ykn gara raawwattootaatti ykn seelota miirawoorra niwuronoota miirawwootti dabarsu.

  • Vertaabireetota keessatti niwurotiranismiterii beekamoon asetaayilkolinii fi noradrenaalinii dha. niwuronoonni asetaayilkolinii fi noradrenaalinii burqisiisan dura duubaan kolinerjikii (choliergic) fi adireenerjikii (adrenergic)
  • Batala ergaan neervii fiixee duree saayinaptikii ga’en, membireeniin ayonii Ca+ maddisiisa. Ayoniin kun vesikilii fi membireeniin sayinaptikii akka wal xuqan taasisuun adeemsa eksoosaayitoosisiin niwurotiranismiterii maddisiisa.  Niwurotiranismiterii  saayinaapsii keessa dhangala’uun dubee saayinaaptikiitti ce’uun simannaa ergaa neerviif haala mijeessa.
    • Dalagaa isaanii erga raawwatanii booda niwurotiranismiterini battaluma membireenii duree saayinaptikiitti xuuxamuun ,diffuushinii fi inzaayimootaan caccabuun badu. Fakkeenyaaf assetaayilkoliniin inzaayimii kolineestirase (cholinestrase) jedhamuun caccaba.

Gocha Potenshaalii

  • Yeroo ergaan neervii darbaa jiru jijiiramni chaarjii /potenshaalli elektirikaalaa keessaa fi ala meembireenii niwuronii irratti mul’atu potenshaalaa gochaa ykn ergaa neervii ykn Potenshaalaa meembireenii jedhama.
    • Yeroo kana alli negative (Na+ muraasa; K+baayyee) yommuu ta’u keessi immoo poseetiva (Na+ baayyee; K+ muraasa). Kana jechuun yommuu ergaan daddarbaa jiru Na+ gara keessatti sesseenuun, K+ immoo gara alaatti babba’uun ergaa gara fiixee aksoniitti qajeelchu. Haalli niwuronichaa immoo diipolarizidii jedhama.

_ _ _ _ _ _ _ _ _ – – – – -_ _- _ – _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ – _ _ – _ _ _ –

Text Box: ++++++++++++++++++++++++++++++
++++++++++++++++++++++++++++++
niwuronii

_ _ _ _      _ _ _ _ _ – – – – -_ _- _   _ _ _             _ _ _ _ _ _ _ – _ _   – _      _ _ –

  • Yeroo niwuroniin   boqonnaarra jiru  jijjiiramni poteenshaalaa      keessaa fi ala meembireenii niwuronii irratti mul’atu immoo potenshaalaa boqonnaa ykn tasgabbii jedhama.

Yeroo tasgabbii

  • keessi membirenii negative (Na+ muraasa; K+baayyee)’ alli membirenii immoo posetiva (Na+ baayyee; K+ muraasa) ta’a
    • osoo galvaanoometiriitti keessaa fi alatan qabsiifamee keessi membirenii ala waliin yeroo madaalamu pooteenshaalii -80 mv (millvolt) agarsiisa.

Membireniin yeroo kana poolaaraayizidii ta`e jedhama

++++++++++++++++++++++++++++++ ++++++++++++++++++++++++++++++

Text Box:  	  _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ _ -_ _ _ _ _   _ _ _ _ 	_ _ _ _ _ - - - - -_ _- _  _ _ _  	  	
Niwuronii

+++++++++++++++++++++++++++     ++++++++++++++++++++++++++++++

  • Feezii polaraayizdii irraa gara diipolaraayizdiiti jijjiramuun immoo riipolaraayizeeshenii

jedhama.

  • 2.4.6    . Qoricha seeraan ala fayyadamuu fi sirna neervii

Nyaata alatti kemikaalli qaamatti fudhatamuun dalagaa qaama namaa irrati dhiibbaa geessisu qoricha jedhama. Qoricha seeraan ala fayyadamuu jechuun gochaalee kan akka hamma ajajamee ol fudhachuu, ajaja ogeessaa malee qoricha fudhachuu,ykn qoricha seeraan dhorkaman warra akka marju’aanaa, kokeeyinii, herooyinii,kkf fudhachuu dha. Qoricha seeraan ala fayyadamuu hirkattummaa fizikaalaa fi fiziyoloojikaalaa qaqqabsiisa. Dhiibbaan qorichoonni kun fidan kallattii garaagaraan eerama. Fkn:

  • Dalaga qaama hariifachiisuu; kanneen kana si’eessitoota (stimulant) jenna.
    • Dalaga  qaama  muusessuu  amala  callisuu fidu; kanneen     kana muusessitoota (depressant) jenna.
    • Kallattii miira waa yaaduu jijjiiruun; kanneen kana haluusinojinoota jenna.

Walumaagalatti akkataan si’eessitoota (stimulant) fi musessitoonni dalagan sirna neervii irratti dhiibbaa geessisan haala armaan gadiin cuunfamee dhiyaate jira.

  • Oomishamuu niwurotiranismiiterii ittisuu,
    • Gad-lakkifamuu niwurotiranismiiterii ittisuu,
      • Miigoo niwuronii akka niwurotiranismiterii hin simanne ittisuu,
      • Niwurotiranismieriin dalagaan booda akka hin mancaane ittisuu,
      • niwurotiranismiterii aksoniitti hidhuun
      • niwurotiranismiteriin darbaan akka oomishamu gochu,
      • niwurotiranismiterii of fakkeessuun niwuroniitti dhi’aachuun ta’a.

Shaakala 2.4e

Text Box: 1.	Akkaataa dalagaa kana keessaa kan kakaastootaa fi musessitootaa adda baasu yaala.
2.	Qorichoota kakaastota jedhaman muraasa eeraa.
3.	Qorichoota si’eessitoota (stimulant) jedhaman muraasa eeraa.

  • 2.5   Qaamota Miiraa
  • 2.5.1    Rifachiisoo fi Kulkulfannaa

Beneldonni haalota garaa garaa kan akka soorata argachuuf, michuu saalaa barbbaadachuuf, diina jala baqachuuf, fi kkf keessatti odeeffannoo barbaadu. Akkasumas haala naannoo isaanii kan akka ifaa, ho’aa, dhiibbaa fi foolii beekuuf odeeffannoo argachuu qabu. Odeeffannoon argame dalagaa fi gochaa isaanii irratti jijjiirama fida. Odeeffannoon akkasii kun Rifachiisoo jedhamu. Rifachiisooti deebisa kennuu fi dandeettiin deebisa kennuu kun immoo kulkulfannaa jedhama.

2.5.2      Seeloata Sirbiduu

SNW waa’ee haala naannoo odeeffannoo walIigalaa (keessaa fi alaa) kan argatu seelota addaa

sirbiduu miirawoo jedhamanii ta’a. Sirbidoonni miirawoon haala sadi’iin ramadamu:

  • Walxaxiinsa seelotaatiin
  • Akaakuu rifachiisoo adda baasaniin
  • Madd a (ka’umsa ) rifachiisoon.

Seelonni sirbiduu haala walxaxiinsa isaaniin Sirbidoota jalqaba (Primary receptors) ykn sirbidoota waliigalaa fi siirbidoota miiraa wal xaxoo jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Sirbidooti jalqaba miigoo niwuronii isaaniin rifachiisoo adda baasuutti (ergaa narvii uumuutti ) gahoo warra ta’anii  dha. sirbidoonni kun kallatiin ergaa gara SNWtti ergu. Sirbidoota gogaa, fakkeenyaaf, sirbidoota waliigalaa garaagaraa qabatee jira (BSc 102 yaadadhu)

Siirbidoota miiraa wal xaxoo keessatti miggoon niwuronii isaanii kallattiin gara SNW kan dhaqu osoo hintaane, kallaattiin niwuronoota miirawoon wal-quunnamu (synapsed). Kanaa booda ergaan neervii karaa niwuronoota miirawoo SNW qaqqaba. Fkn: sirbidoota qaama miiraa beekamoo. Seelonni sirbiduun gosa rifachiisootin akka armaan gadiitti qoodamu(Gabatee 2.6).

Gabatee 2.6 seelota sirbidoo bu’uura gosa rifachiisootiin

SirbiduuGosa annisa rifachiisooUumama rifachiisoo
Sirbiduu ifaaElektiroo maagineetiiIfa
Sirbiduu elektironiiElektiroo maagineetiiElektirisitii
Sirbiduu makanikaMakanikalaIfa,tuqaatii dhiibbaa, harkisaa
Sirbiduu ho’aaHo’aJijjirama tempitecheraa
Sirbiduu kemikaalaKemikaalaJiidhina, foolii dhadhammii

Seelonni sirbiduun haala madda (ka’umsa )  rifachiisoo irratti hunda’uun immoo haala armaan  gadiin ramadamu.

  • Inteero-septeerii (Interoceptors) – rifachiisoo keesaa kan miira waraansaa, dhiibbaa adda baasu
    • Piro-priyo ceptorii ( proprioceptors) – haala dhaabbii ,ulfaatinaa, dabuu fi sochii qamatti miirawoo warra ta’anii dha. Isaan kun maasha, buusaa fi ribuu keessatti argamu.
    • Ekistiroseeptorii (Exteroceptus) rifachiisoo alaatti miirawoo warra ta’anii dha. Warra akka sirbidoota ijaa, gurraa, funyaan, waraansa gogaa, …kkf.

2.5.3. Qaamoota miira namaa gurguddoo

  • 1   caasaa fi dalagaa ija

Qaama miiraa kan waa’ee fageenyaa, kallattii hammaa, halluu, sochii fi haala biro irratti odeeffannoo kennuu dha. Kubbaan ija namaa diyameteriin mm24 kan dheeratu taatee ruuqoolee 3 kan qabuu dha (Fakk.2.9). Isaanis ;

  • Baqqanota ijaa sadan (ala, gidduu, keessa) kan dhaabaa ijaa ijaaran
    • Ruuqoolee optikaalaa kan ifa keessatti dabarsan
    • Neervota ijaa.

A.     Baqqanota ijaa

Baqqana alaa- Iskileeraa fi koorniyaa

  • Iskileeraa/adii ijaa – cimaa fi ija akka waligalatti hammatee fi ittisee kan jiruu dha.
    • Korniyaa-  kutaa  iskileeraa  fulduraan  jiruu dha. Koorniyaan                                                                                                       tiranispaarenti i waan ta’ef ifa dabsuun keessatti dabarsa.

Baqqana gidduu- koroyidii, qaama siilariI fi aayirisii /murteessoo ifaa qabatee.

  • Koroyidii- ujummoolee dhigaa baayyee fi halluu guraaha qaba.
    • Aayiriisii –ijaaf halluu (cuquliisa, boora) kenna; walakkaa aayirisiitti  qaawwi argamtu gartuu jedhamti. Qaawwi kun karaa ifi ija seenuu dha. Duuba  agartuu  leensii ijaatu jira. Aayiriisiin hamma ifaa ija seenuu to’ata. Kana  jechuun,  cimina ifaa irratti hunda’uu dhaan dheerachuu (ifa cimaaf) ykn gabaabbachuu (ifa laafaaf) danda’a. Dheerachuun aayirisii bal’achuu agartuu yommu fidu gababbachuun aayirisii immoo dhphachuu agartuun fida.
    • Qaama siilaarii – maasha aayiriisiin (ligamentii rarraastuun) itti qabatee jiruu dha Baqqana keessaa – Retinaa fi neervii optitikaalaa
      • Retiinaa- sirbidoonni ijaa kan argaman retina keessatti sirbidoonni kun gosa 2 tu jiru. Seelota geengoo fi seelota ulee jedhamu. Gar aagarummaan seelota kanaas:-
Seeloa ulee( Boca ulee)Seelota geengoo (Boca geengoo)
Ni baayyatuMuraasa
Facaatiin isaanii wal-qixaDhooqa retina keessatti baayyatu
Ifa laafaan (halkan) rifatu; miirawun olaanaa dhaIfa cimaan (guyyaa) rifatu miirawun gad-aanaa dha
Haalluu adda hin baasanHalluu adda baasuu
Gosa tokko qofaGosa 3: cuquliisa, magariisaa fi diimaa

Fakkii 2.9 Caasaa ija namaa

B.     Optikaalaa ijaa

Caasaalee  kan akka      koorniyaa, aqiwus humorii, leensii fi virtiros humorii hammata. Caasaaleen kun ifa dabsuun fi dabarsuun fakkiin ratiinaa irratti akka uumamu taasiisu

C.     Niwuraalii ijaa

Sirni kun retina fi neervii optikaa qabatee jira.

2.5.3. 2   Caasaalee Gargaaroo Ijaa

Ruuqoolee sadan arman olitti eeramaniin alatti iji caasaalee gargartota armaan gadii qaba.

  • Qadaadduu ijaa- ija uwwisuu, ittisuu fi jiisuuf gargaaru.
    • Xannacha laakirimaalii- dhangala’aa ija jiisuu maddisiisa. Dhangala’aan kun %99 bishaan yommuu ta’u %1 iimmoo ashaboo fi kemikaalota baakteriyaa ajeesan, laayizoozaayimii jedhamu ta’u.
  • Konjaktivaa – moora keessa aguugduu ijaa fi fuldura ijaa (korniyaa malee) uwwisee jiru dha.
    • Nyaara ijaa- dafqaa fi bishan ijarra qoluuf

2.5.3. 3   Akomodeeshenii

Al-tokkotti wanta dhi’oo fi fagoo arguu hin dandeenyu. Leensiin ijaa dandeettii  of-jijjiiruun wantoota fageenya garaagaraa irra jiran (yeroo garaagaratti) akka arginu nu dandeessisu qabdi. Dandeettiin leensii kun akomodeeshenii jedhama. Adeemsa akomoodeshenii keessatti kan qoodaa fudhatan leensii, ligamentii rarraastuu fi maashaa siilariiti. Kana jechuun:

Waan fagoo ilaaluuf:-

  • Maashaan siilaarii ni diriirfatu, ligamentonni rarraasuun ni muddamu (ni furdatu)
    • Kun immoo leensii qallisuun waan fagoo ilaaluuf haala mijeessa. Waan dhihoo ilaaluuf immoo galagalchoo haala kannaatu raawwata.

2.5.3. 4  Mudoo ijaa

A.   Qaroo dhihoo [ myopia]

Haala – waan dhihoo malee fagoo arguu dadhabuu dha. Fakkiin wanta fagoo vitiros humorii keessatti uumamuu dha

Sababa –    kubbaan ijaa dherachuun.

Sirreessuu – leensii konkeevii kan ifa fulduratti facaasu (dheeressuu) godhachuu.

B.   Qaroo fagoo (Hypermetropia)

Haala  –     waan    fagoo malee dhihoo arguu dadhabuu. Fakkin wanta dhiyoo retiinaa boodattii uumamuu dha

Sababa –kubban ijaa gabaabbachuu ykn leensiin dheerachuu fi gababachuu dadhabuun Sirreerssu – leensii konveeksii kan ifa fulduratti facaasu (dheeressuu) godhachuu

B. Astigimatizimii

Haala – ifa kallattii garagaraan ija seenu ratiinaa irratti fakkii uumuu dadhabuu Sababa – leensii fi korniyaan boca killee qabaachuu (boca isfirikaalaa dhabuu) Sirreerssu – leensii silindrikaala fayyadamuu.

2.5.3. 5  Fakkii uumuu fi arguu

Adeemsi arguu kan eegaluu yommuu ifi ija seenu fakkii retinaa irratti uumuu dha. Uumamuun fakkii dabuu ifaa (refraction) irratti kan hunda’e dha. Ifi caasaalee optikaalaa ijaa kessa daddabuu dhaan edda darbee booda retinaa irratti fakkii sirrii, xinnoo fi gombifamaa uuma. Fakkiin uumame kun

ergaa neervii maddisiisa. Ergaan sammuu bira karaa neervii optikaa ga’a. Sammuun ergaa isa qaqqabe adda baasuun miira arguu uuma.

2.5.3. 6  Halluu arguu

Vertaabireetonni halkanii hedduun seelota ulee kan qaban yommuu ta’an vertaabireetonni guyyaa hedduun immoo seelota geengoo waan qabaniif halluu arguu danda’oo dha. Haa ta’u malee, naamoonni muraasi seelota geengoo sadan (cuquliisa, diimaa fi magariisa) keessaa tokko dhabuu danda’u. Halli kun jaamina halluu qaqqabsiisaa. Jaaminni halluu, halluu addaan baasuu dadhabuu yommuu ta’u inni beekamaan jaamina halluu diimaa- magariisaati. Kunis, diimaa fi magariisa adda baasuu dadhabuun akka tokkootti ilaaluu dha.

Text Box: Shaakala 2.5a:
1.	Sababi jaamina halluu diimaa – magariisa maali ?
2.	Jaaminni hallu Saala kam keessatti baayyata?	(Wabii- Human Anatomy & Physiology, Saladin, 3rd edn; Page 625-626)

2.5.4 Gurra

  • .1 Caasaa fi dalagaa gurraaGurrii qaama miiraa seelota sirbiduu sagalee fi madaallii qaamaa (harkisa dachee fi sochii qaamaa) miirawoo ta’an qabatee jira:Sirbiduun sagalee kan argamu – kokiiliyaa keessattiharkisa dachee kan argamu – vestibulee (Saakulee fi Atrikelii) keessattisochii mataa kan argamu – ujummoolee yaa’a martoo sadan keessatti
  • Gurraa Namaa kutaalee 3 qaba:- ala, gidduu fi keessoo gurraati (Fakkii 2.10).
  • Alli gurraa caasaalee lama qabatee jira: Ujummoo ala gurraa fi Piinaa (waakkoo gurraa).
  • Gidduu gurraa- holqa qilleensaan guute ta’ee caasaalee sadi qabatee jira: osiikiloota (lafee gadduumaa, boraatii fi faanaa), dibbee gurraa fi ujummoo usteechiyaanii ti.
  • Keessoon gurraa lafee mataa keessatt kan argamu ta’ee, dhangala’aan kan guutee dha. dhangala’aan kun periiliimfii jedhama. Keessoon gurraa caasaalee sadii of keessaa qaba: kokiliyaa ,meeshaalee vestibulaarii (Yaa’a martoo sadanii fi vestibulee) fi neervii dhageettiiti.

Fakkii 2.10 caasaa gurra namaa

2.5.4 .2 Tooftaa dhaga’uu

Tartiibi adeemsa dhaga’uu haala armaan gadiin raawwata:

Hollannaa → lafee gurraa → foddaa geengee → kokiliyaa → jeeqamu seelota ergaa neervii (seelota rifeenseen) → neervii dhageettii → sammuu –sagalee hiikuu

Text Box: 1)	Shaakala 2.5b:
2)	Dalagaalee caasaalee gurraa armaan olitti tarreeffaman hunda ibsi
3)	Seelonni sirbiduu sagalee fi madaallii qaama kutaa gurraa isaa kam keessatti argamu
4)	Gurra lama qabaachuun gurra tokkorra ni wayya. Maliif?
5)	Yeroo ijoollummaa keetii ofirra naann’uu taphattee beektaa? Akkam taate? Maaliif?

2.5.4.3 Tooftaa madaallii qaamaa

Tartiibi adeemsa madaallii qaamaa haala armaan gadiin raawwata :

Sochii qaamaa → jeeqamu seelota meeshaalee vestibulaarii (maakullee vistibulee, seelota rifeensaa yaa’a martoo) → uumamu ergaa (neervii seelota meeshaalee vertibulaariin) →neervii vestibulaarii

→ sammuu →dhaabbii qaamaa sirreessuu.

2.5.5  Arraba

Arrabi qaama miiraa dhamdhamuuti. Wanti dhamdhamamu kam iyyuu bifa bulbulamuu danda’uun arraba tuquu qaba. Kuskuseewan arrabaa rifachiisoo kemikaalaa nyaata keessa jiran adda baasuu keessatti ga’ee guddaa qabu. Kuskuseewwan afaan keessa kallattii garaagaraarra dirra arrabaa, dhaabaa qonqoo gara boodaa , toonsilii fi ipigilootiirra faca’anii argamu. Haa ta’u malee, baayyeen isaanii arrabarra jiru. Kuskuseewwan dhadhammii morfooloojiin garaagarummaa kan hin qabne (hundi boca birillee qabu) yommuu ta’an fiziyoloojiin garaagarummaa qabu (Fakk. 11). Kunis ta’e kuskuuseen dhadhammii hundi dhadhammii jalqaba hundaf (arfaniif) hanga tokko miirawoo dha; caalmaatti garuu:

  • Kuskuseewwan fiixee arrabaa-                                  dhadhammii mi’aawwaaf
    • Kuskuseewwan qarqara walakkaa arrabaa –                dhadhammii dhangagaa’aaf
    • Kuskuseewwan fiixee fi qarqara fiixee arrabaa –         dhadhammii ashaboof
    • Kuskuseewwan   duuba arraba –                                  dhadhammii hadha’aa

Fakki 2. 11 Facaatii kuskuseewwan arrabaa

Hub:- walakkaa fi jalli arraba kuskuseewwan dhadhaa hinqaban.

2.5.5.1 Adeemsa dhamdhammii

Kemikaalali bulbulamuu danda’u afan keessatti kuskuseewwaniin wal xuquun ergaa neervii maddisiisa. Ergaan neervii uumame kara aneervota arrabaa sammuu bira dhaquu dhaan hiikkaa argata.

Text Box: Shaakala 2.5c:
1. Kuskuseewwan arrabaa adeemsa dhamdhammii keessatti ga’ee maalii qabu? Sammuun hoo?

2.5.6. Funyaan

Sirbidoonni rifachiisoo kamikaalaa (foolii) funyaanii sirbidoota olfaaktorii jehdamu. Sirbidoonni  kun holqa funyaanii gara olii keessatti argamu. Sibidonni dhamdhamni epitaaliyaalii yommuu ta’an sirbidoonni foolii garuu niwuronoota. Seelonni olfaaktorii (faallaa niwuroonota qaamaa hundan) kallattiin ala quunnamu. Dabalees, faallaa niwuronoota qaamaa baayyeetiin, sirbidonni olfaaktorii yoo manca’an bakka bu’u danda’u.

2.5.6.1 Adeeemsa dhandhammii

Adeemsi dhamdhammi haala quubsa hin jiru. Haata’u malee, akka yaada hiddama jiru tokkootti garuu bocii fi hammi moliikilii seelota olfaaktorii xuquu foolii adda baasuu keessatti ga’e akka qabanii dha.

  • 2.6     Sirna Wal Hormaataa
  • 2.6.1    Sirna wal hormaataa dhiiraa

Sirni wal hormaata dhiiraa kutaalee armaan gadii qabaatee jira (Fakki 2.12).

Cidhaan

Dheerina sm 4 fi diyaameetirii sm 2.5 ta’a. Koroojoo cidhaaniin qaamaa alatti luka laman gidduu gadii rarra’ee jira. Ga’een isaa inni iijoon seelii gaameetii dhiiraa (ispeermii) fi hormonoota saala dhiiraa oomishuu dha.

Ujummoolee cidhaanii

Cidhaanni ujummoolee hedduu qabatee jira: seminifiresii, vaas effeereenti, ippiidedimii fi vaas deferensii. Ispeermiin ujummoolee seminifiresii jehdaman keessatti adeemsa ispermaatoojinesisii jedhamuun oomishama. Hormonoonni saala immoo seelota ujummoolee seminifiresii gidduutti argamaniin oomishamu. Seelonni kun interestiishaalii jedhamu. Ispeermiin oomishamee ujummoole vaas effeereenti jedhamaniin geejjibamuun holqa ippiidedimii jedhaman keessatti kuufamuun bilchaatu . Guyyoota 40-60 gidduutti qaamaa ba’u qabu kanaa achi manca’uu dhaan dhaabaa ippidedimiitti xuuxamu. .

Yuriiteraa fi tuffee/qunxusee

Yommuu walqunnamtii saalaa ispeermiin ipiidedimii keessaa ba’uun ujummoo vas deferensi jedhamuun gara yuriteraa tuffeetti xuruura. Yuriteraan yeroo garaagaraatti ispeermii vaas deferensiirraa yommuu fudhatu, fincaan immoo afuuffee fincaanii irraa fudhata.

Xannachoota dhangala’oo maddisiisan (pirosteetii, vesikilii fi kawoperii)

Naannoo hundee yuriteraa xannachoota dhangala’oo maddisiisan sadiitu jiru: pirosteetii, vesikilii fi kawoperii . Ispeermiin naannoo hundee yuriteraatti dhangala’oo kana makatee darba. Haaluma kanaan kan gara alaatti ba’u (qaama dhalaatti darbu) makaa ispermii fi dhangala’a kanaati. Makaan kun semenii ykn xaranxara jedhama. semenii keessa %90 dhangala’a kana yommuu ta’u seeliin ispeermii %10 qofa.

Fakki 2.12 Sirna walhormaata namaa

Caasaa Ispermii

Ispermin kutaalee gurguddoo afur qaba (Fakk. 2.13):

  • Mataa- Inzayima hiiyalaronidaasee (hyaluronidase) jedhamu qaba. Inzaayimiin kun aguuggii hanqaaquu laaffisuun ispeermiin salphaatti hanqaaquu akkaa seenuf haaa mijeessa.
    • Morme- senterooyilii cimdii qabatee jira.
  • Qoma- maayitokondoriyaa qabatee jira.
    • Eegee – sochiif

Fakki  2.13 Caasaa ispeermii namaa

             Shaakala 2.6a:                                                                                                                              

Text Box: 1.	Faayidaa	dhangala’oo  xannachootni  hundee  yuriteraa  jiran  kunneen	maddisiisan ibsi (koorsii BSc 102 yaadadhu).
2.	Cidhaanni qaamaa alatti ba’uun /rarra’uun faayidaa maalii qaba?

2.6.2      Sirna walhormaata dhalaa

sirna    walhormaata    dhalaa    caasaalee    kan    akka        ovaarii,    ujummoo    ovarii,            gadameessa, seerviksii/morma gadameessaa fi buqushaa qabatee jira (Fakk. 2. 14).

Ovaarii

Sirna wal-hormaataa dhalaa keessatti, ga’een oovaarii seelii gaameetii dhalaa (hanqaaquu ) fi hormonii saalaa dhalaa qopheessuu dha. Ademsi uumamuu fi dagaaguu hanqaauu oojinesisii jedhama .

Ujummoo ovaarii –

Ujummoon    oovaarii ujummoo qalloo oovaariirra gara gadameessaatti diriiree jiruu dha. Ga’een isaas walfudhannaa hanqaaquu fi ispeermiif haala mijataa uumuu dha.

Gadameessa-

Caasaa boca rog-sadee qabu ta’e bakka da’imni hin dhalatin keessatti guddatuu dha.

Serviksii-

Daangaa buqushaa fi gadameessa gidduu jiruu dcha.

Buqushaa

Ujummoo da’umsaa fi walquunnamtii saalaati. Dhiira keessatti yuriteraan seemenii fi fincaaniif yommu gargaaru, dubaartii keeessattti ujummoon buqushaa (walhormaataa) fi yuriteraa garaagara. Buqushaan caasaalee garagaraa qaba. Isaanis

Qinxirii (kilitorii): Caasaa dhaabbachuu danda’uun qunxusee fakkaatuu dha. Miirawaa waanta’eef, dalagaan isaa, fedhii dubartii kakaasuudhaaf/finiinsuuf ta’a.

Durbummaa /haayimeenii (hymen): Membereenii afaan buqushaa gara gadii aguugee jiruudha. Umurii saafelaatti uraa xixiqqoo uumachuu eegala. Irra caalmaan walquunnamtii saalaa jalqabaan cirama.

Vistibulee:Holqa buqushaati. Vistibuleen gogaa cimdii laman marfamee jira. Cimdiin inni keessaa laabiyaa maayinoraa /hidhii xiqaa ; inni alaa immoo laabiyaa maajoraa/hidhii guddaa jedhama.

.

Fakkii 2. 14 Sirna walhormaata dhalaa

2.6.3    Marsaa Laguu

Dubartii waggaa 10 fi isaa ol taate keessatti dhiigi ji’a ji’an karaa buqushaa dhangala’a. Dhiiguun sirna wal hormaataa kun laguu yommuu jedhamu, ji’a ji’an naanna’uun isaa immoo marsaa laguu jedhama.

Leenjifamtootaa: maddi dhiiga kanaa maali?

Hanqaaquun oovaarii keessatti qophoofte tokko ji’a ji’aan gara ujummoo oovaariitti deemti. Hanqaaquun sanyii kormaa ykn ispeermii yoo argachuu baatte sa’aa 72 giddutti ni duuti. Hafuun misoomuu hanqaaquu diigamuu dhaabaa gadameessaa qaqqabsiisa . Guyyoota muraasa booda hanqaaquun duuteef dhaabaan gadameessaa diigame bifa dhiigaatiin gara alaatti ba’u.

2.6.4    Fayyaa wal hormaataa

Fayyaa walhormaataa jechuun sirna walhormaataa ilaalchisee kallattii fi sadarkaa hundaan qaamaan, sammuu fi hawwaasummaan nagaa ta’uu dha. Fayyaa walhormaataa gaarii qabaachuun jireenya gaa’eelaa gammachiisaa fi nagaa qabaachuu dha. Fayyaa walhormaataa uumuu keessatti hal dureen ijoon kanneen armaan gadii irratti odeeffannoo gahaa argachuu dha:

  • karoora maatii irratti
  • Sirna walhormaataa keessatti jijjiirama irraa jalaan dhufu irratti
  • Dhukkuboota wal quunnamtii saalaan dhufan irratti
  • Qophii yeroo marsaa laguu
  • Michuu saalaa dhugaa filachuu irratti
  • Yeroo sirrii fi bakka sirriiti adeemsa wahormaataa keessa galuu irratti
  • Daa’ima nagaa fi fayyaa godhachuu fi guddifachuu irratti
  • Soorata addaa yeroo ulfaa barbaarchisan filachuu irratti

2.6.5    Maloota Ittisaa ulfa

Ulfa ittisuu jechuun akka seeliin saalaa dhalaa (hanqaaquu) seelii saalaa dhiiraan (ispeermii) hin misoomne gochuu jechuu dha. Tooftaaleen kun bakka gurguddoo lamatti qoodamu: tooftaalee uumamaa fi nam tolchee. Tooftaaleen ulfa ittisuu hedduu jiran keessaa baayyeen kan dhalaati. Tooftaalee jiran kana keessa filachuun murtoo abbaa itti fayyadamuu yoo ta’es, haalli mijachuu , amansiisummaa fi miidhaa cinaa toofftichaa kan xiyyeeffannoo barbaaduu dha.Tooftaaleen ulfa ittisuu warri ijoon akka armaan gadiitti dhihaatanii jiru (Gabatee 2.7 ).

Gabatee 2. 7 Maloota ulfa ittisuu warra ijoo

MalaTooftaa raawwiiMilka a’ina( %)Hanqina
Saal quunnamtii DhiisuuWalquunnamtiin hin raawwatu100nama of amansiisuu hin dandeenyeef miidhaa qaba
Keessaa baasuuYommuu ispeermiin dar buuf dhufu tuffee baasuun ispeermii buqushaa alatti dhangalaasuu Dhiira si’ataa, tasgabba’aa qofa gargaara; ispeermiin dursee cobuu danda’a
Lakkoofsa guyyaa (Raythm method)Guyyoota hanqaaquun ujummoo gadameessaa keessa jirutti walquunnamtii saalaa dhiisuu.70 – 85Dubartoota marsaa laguu dhaabbataa qabanii fi ragaa qabachuu danda’an qofa fayyada.
Kondomii dhiiraaIspeermiin kondomii keessatti dhangala’a97Carraa tarsa’uu qaba
Qadaaddiwwan (diaphragm or cap)Laastikichi kaawwatamu Kemiikaala Ispeermii ajjeessu dibama85-97Ogeessa ka’u barbaada ykn fayyadamtuuf leejii kennuu; garaa ciniinna fiduu danda’a.
TubaaligeeshininUjummoo gadameessaa kutanii hodhuu100Booda deebisuun hin danda’amu
VaskotomiiVaas deferensii kutanii hodhuu100Booda deebisuun hin danda’amu
Hormonota /piiliiOvuuleeshiniin hambisuudhaan99Ulfatinni dabaluu, furdachuu/bishan kuusuu qaamaa
Limmoodhaan kan fudhatamu-Ovuuleeshinii hambisa -Limmoodhaan piroojestiroomii waraannachuu99%Iddootti deebi’uuf carraa xiqqaa qaba.
IUD (Intra Uterina Device) -Meeshaa gadameessaa keessa ruuqamuGadameessa keessa Doktoraan kan ka’amu ta’e hanqaaquun misoome akka bakka hin qabanne dhorka.96 – 99Darbee darbee dhiiguu fida.
Text Box: Shaakala 2.6c:

1.	Maloota kana kan uumamaa fi kan nam -tolchee jechuun garteessi.
2.	Ogeessa fayyaa beekamaa haasofsiisuu dhaan , tooftaalee ulfa ittisuu armaan gadii atis haala gabatee armaan oliin qaaccessi.
a. noor plaantii	b. kondomii dhalaa c. Wal makoo piilii d. Piilii baaqqee

2.6.6      Dhaqna Qabaa Dubaraa

Aadaa hawwaasaa keessa barmaatileen miidhaa qaban hedduutu jiru. Barmaatilee kana keessaa inni hammaataan dhaqna qabaa dubaraati. Akkka hiikkaa dhaabbata fayyaa addunyaatti (WHO) dhaqna qabaa dubaraa jechuun waldhaassa tokkoof osoo hin ta’in callisanii kutaalee buqushaa warra akka qinxirii fi laabiyaa guutummaatti ykn walakkaan kutanii gatuu dha. Midhaa barmaatileen kun qabu kan battalaa fi yeroo dheeraa jedhamuun bakka lamatti qoodamu.

Kan yeroo gabaabaa/battalaa;

  • Dhukkubbii, dhiiguu, teetaanosii, fincaan qabachuu, madaa’uu naannoo buqushaa,kkf. Kan yeroo dheeraa immoo;
  • Afuuffee fncaanii fi ujummoo fincaanii irra deddeebiin dhibamu(infection) qaqqabuu;
  • Dhiiti(cyst) naannoo buqushaatti uumamuu;
  • Maseenuu;
  • Daa’ima dhaluu irratti balaaf saaxilamuu fi du’aatii daa’imaa fi
  • Isa duuchame/ dhiphifame banuuf wallaansa baqaqsanii hodhuu saaxilamuu Barmaatileen miidhaa qaban biroon immoo warra akka:
  • Gurra urachuu,
  • Ilkaan tumachuu,
  • Misiroo qeensa buqqisuu,
  • Guyyoota laguutti dubartoota adda baasuu,
  • Qaama murmuruu fi gubuu,
  • Ilkaan daa’imaa Buqqisuu fi
  • Huuba qoonqoo kuchisiisuu fa’i.
Text Box: Shaakala 2.6d
1.	Barmaatileen kun haala	kamiin miidhaa geessisu? Tokko tokkoo isaanii irratti garee dhaan mari’aadhaa.
2.	Daggertoonni dhaqna qabaa dubaraati bu’a akkamii qaba jedhanii falmu?

2.6.7      ‘HIV” fi “AIDS”

AIDSn dhukkuba ittisa qaamaa manccaasuun miidhmticha dhukkuba biroof akka saaxilamu taasisuu dha. Qabsiistuun dhukkuba kanaa vaayiresii HIV jedhamuu dha.

A.        ‘HIV”n akkamiin dhukkuba nama qabsiisa?

HIVn sirbidota CD4 dirra seelota dhiiga adii seelotaa T limfoosaayitii irratti edda qabatee booda, tartiiba armaan gadii keessa darbuun qaama keessatti baayyachuun AIDS fida.

  1. Vaayiresichi  RNA  fi  inzaayima     kan mataaisaa riverstiraniskiriptesii jedhamu seelii itti qabatetti galcha.
  2. Riverstiraniskiriptesiin niwukilotaayidoota seelii fayyadamuun RNA gara DNAtti jijjiira.
  3. DNAn vaayiresii DNA seeliin walfudhata.
  4. DNAn     vaayiresii      gara     RNA     vaayiresiitti      jijjiramuun      pirootinii              vaayiresii      fi riverstiraniskiriptesii oomishuu eegala..
  5. RNAn, riverstiraniskiriptesii fi pirootiniin oomishame kun seelii mataa isaan HIV haaraatti ijaaramu.
  6. HIVn haaraan kun yeroo garaagaraatti seeliirraa cituun seelii biroo wareeruun hubaatii seelota T- limfoosaayitii fida.
  7. Mallattoolee:
    1. yeroo gara yerootti ho’i qaamaa dabalaa deemuu
    1. Dafqi halkan namatti heddummachuu
    1. Of dadhabuu, umna dhabuu;
    1. Ulfaatinni qaamaa hariitiin hir’achuu
  8. Karaalee daddarbaa:
    1. Quunnamtii saalaa tokkoo fi tokkoon hin murtoofneen,
    1. Dhiiga HIV qabuun kallattiin faalamuu ykn meeshaalee adda addaa dhiiga dabarsuuf, baqaqsanii hodhuuf, ilkaan buqqisuuf, qoricha dhiiga keessatti dabarsuuf gargaaraman kan HIVn faalame yoo ta’e,
    1. Haadha irraa gara daa’imaatti: gadameessa keessatti karaa pilaaseentaa, yeroo da’umsaa fi harma hoosisuun
Text Box: Shaakala 2.6e:
1.	Maqaa diriiraa HIV fi AIDS barreessi
2.	Ogeessa fayyaa dubbisuun kanneen armaan gadii irratti dareef gabaasa dhi’eessi
a.	HIV fi AIDSn talaallii , qoricha qabaa?
b.	Karaaleen daddarba HIV/AIDS maal fa’i?
c.	kutaaleen/dhagala’oon qaamaa HIV keessatti argamu eenyu fa’i?
Text Box: d.	HIV/AIDS eenyuun qabuu danda’a?
e.	Yeroon mallattoo dhunkkuba kana hagam

D.                 ‘HIV/AIDS’ cabsuu/dhaabuukeessatti ogummaa jireenyaa baballachuu qabu

  1. HIV/AIDS ittisuu keessatti ga’e guddaa kan qabu jijjiirama amalaa hawwaasichaa fi namni dhuunfaan horachuu qabuu dha. Kana jechuun:
  2. Jireenya ofii keessatti amala gochaalee saalaan walqabatan irratti jijjiiramuu;
  3. tamsa’ina HIV/AIDS dhaabuu fi cabsuu keessatti maal na gashee dhiisuu;
  4. Namoota vaayiresichaan qabaman qooduu dhiisuu ;
  5. Yoo danda’ame tokkoo fi tokkotti murtaa’uu ykn koondomiitti dhimma ba’uu;
  6. Balaan HIV/AIDSn dhufu walxaxaa ta’uu isaa hu bachuu, hubachiisuu,hojiin agarsiisuu.

II.  Dhqna qabaa dhiiraa jajjabeessuu

o Akka beektonni bayyeen jedhanitti dhaqna qabaan booda gogaan biqilu cimaa fi jabaataa (isa dhalootaarra) ta’uu fi qulqullinni naannoo gubbee qunxusee fooyya’uun daddarba HIV % 60 n akka gadi buusuu dha.

  • 2.7     Sirna Indokiraayinii

To’annoo fi qindoominni nafaa sirna indookiraayinii fi sirna neerviitiitiin rawwata. Sirni Indokiraayinii tuuta xannachoota Indookiraayinii jedhaman irraa kan ijaarmee dha. Akka waliigalaatti xannachoota gosa 2 tu qaama namaa keessatti argamu. Isaanis: xannacha indoo kiraayinii fi xannacha eksookiraayinii dha. xannachoonni eksookiraayinii ujummoo qabeeyyii fi dhangala’oo garaagaraa oomishu: Fkn.

  • Inzaayima – Xannachoota bulleessuu soorata, caasaalee qaamaa biro
  • Zayita gogaa Xannachoota zayitaa gogaa (sebaceous gland)
  • Aannan Xannachoota armaa
  • Dafqa    Xannachoota dafqaa

Xannachoonni indokiraayinii ujummoo maleeyyii fi dhangala’aa hormonii jedhamu kan oomishanii dha. Xannachoonni muraasi amala xannachoota lamaanuu qabu. Fkn : rajiijii, oovaarii, cidhaan, haayipotalamasii,

 Shaakala 2.7a                                                                                                                                                

Indokiraayinoonni haala kamiin hormonii oomishan geejjibu?Inzaayimoonni bakka oomishamanitti ykn fagaatanii deemuun dalagu. Hormonoonni hoo eessatti dalagu?  

73

2.7.1.      Uumamaa fi dalagaa hormonii

Hormoniin dhangala’aa caasaa murtaa’aa ta’een  maddee  dhiibbaa murta’aa  caasaa ykn dalagaa  biro irratti kan qabu dha. Garee kemikaalaan, hormonoonni bakka 3tti qoodamu

  • Isterooyidii – fkn: testoostironii, estiroojinii,kortisolii, aldostironii,kortiikostironii
    • Peptaayidii                   fi                   pirootinii                   –                                     fkn:oksitosinii,hormoonii guddinaa,kalsitoninii,insuliinii,gilukagonii,parathormoonii
    • Aminsii– fkn:aderenaalinii,nor aderenaalinii,taayiroksinii,pirolaaktinii,

Dalagaa isaanii keessatti hormonoonni dhiibbaa kan geessisan kallatti garaagaraan. Kunis:

  • Meembireeni seelii irratti dhiibbaa geessisuun wantoonni seelii akka seenaan ykn ba’an taasisuu
    • Inzaayima meembireenii keessa jiru irratti dhibbaa geessisuun walnyaatinsa saffisiisuu
    • Jiinii irratti dhibbaa geessissuun uumama amala murta’aa ta’e tokkoo qaqqabsiisuu

2.7.2    Amaloota Hormonii

Hormonooni akka waliigalaatti amaloota armaan gadii calaqisiisu;

  • fageenya irratti dalagu (bakka oomishamanitti hin dalagan)
    • dalagaa dhaan murtaa’oo dha ( hormoniin tokko molikiyulii tokko qofa irratti
    • dhiibbaa geessisa)
    • cunqoo xiqqon bu’aa guddaa buusu.

2.7.3    Xannachoota Indokiraayini Gurguddoo Nafaa fi Dalagaa Isaanii

Xannachoonni gurguddoo nafa namaa 8 ykn 9 yommuu ta’an gosa hormonii madisiisanii fi dalagaa hormonii isaanii faana haala gabatee 2.8. keessatti ibsameen dhihaatanii jiru.

Gabatee 2.8 cuuunfaa odeeffannoo xannachoota indookiraayinii namaa

XannachaHormoonii MaddisiisanDalagaa Hormonichaa
Pitutaarii Hundee sammuu jalatti argamti Hamma ija dungulee geessi Hormoonoota hedduuPiroolaaktiiniiOomisha aannan kakaasuu fi gad lakkisiisuu
Hoormoonii guddinaaGuddina qaamaa fi pirootinii oomishuuf gargaara
maddisiisa Gooftaa xannachootaa jedhamun beekamti .Hormoonii dammaqsisuu taayrooyidiiXannachi taayrooyidii akka hoormoonii taayirooksiinii maddisiisu dammaqsa
Taayirooyidii Morma keessatti argamtti Hormonoota lama oomisha.TaayirooksiiniiDagaagina, guddina sammuu fi meetaboliizimii nafaa
kalsitoniniiKaalsiyemii dhiigaa xiqqeessuu
Paaraataayirooyidii Morma gara keessatti dudduubaa taayirooyidiitti argamu Baay’inaan 4Paaraathormooni ihamma Ca++ fi PO43- dhiigaa to’ata
AdireenaaliiAdireenaalii korteeksii   Koorteeksii irrattiargamakortisoliiMeetabolizimii karboohaayidireetii, pirootinii, coomaa; bilchaachuu seelota dhiigaa adii.
aldostiroliiN a+ xuuxuu, madaallii bishaanii fi albuudotaa eeguu
Adireenaalii meeduullaa Meduullaa irrattiargamaAdireenaaliiniiDhahannaa onnee dabala, maashaa lafee yaasa
Ayisleetii rajiijii Rajiijii keessatti faca’anii argamuGiluukaagooniiGiluukoosii bifa gilaaykoojiniin kuufame diiguun dhiigatti dabala
InsuuliiniiGiluukoosii dhiiga keessatti baay’ate gara gilaayikoojiniitti jijjiira
Xannachoota Saalaa (Cidhaanii fi Ovaarii)CidhaanTesteestirooniiAmaloota saal lameessaa dhiiraa to’ata
ovaariiOstiroojiniiAamaloota saal lamessoo dhalaa to’ata
PiroojestirooniiAkka oovuleeshiniin(Gad lakkifamuu hanqaaquu oovarii gara ujummoo oovaarii) hin uumamamne taasisa
Text Box: Shaakala 2.7b
1.	Xannachi pitutaarii maaliif gooftaa xannachootaa jedhamti?
2.	Xannachi pituterii kannen armaan olitti ibsamanii alatti hormonoota hedduu omisha. Warra hafan kana tarreessuun dalagaa isaanii eeri.
3.	Xannachoota indookiraayinii arman gadii bakka argama isaanii, hormonii isaanii fi dalagaa hormonii isaani ibsi
a)	Taayimasii
b)	Haayipotalamasii

2.7.4    Mudoo xannachoota idokiraayinii

Daangaa ol baayyachuun ykn xiqqachuun hormonotaa dhibee ykn mudoo xannachoota Indokirayiniin kan dhufuu dha. Haall i kun nafi dhibee garaagaraaf akka saaxilamu taasisa. Dhibee kana keessaa warri ijoon:

  • Quufa salphaa (quufa mit-summa’aa)-  dhiita’uu tishuu xannachaa taayirooyidiiti. Haalli kun

haayipertiroofii jehdama.

Sababi– hanqina ayoodinii Mallatoo – mormmii dhiita’uu

Ittisa- wantoota ayodinii qaban nyaachuu (ashaboo ayoodinii, qurxummii nyaachuu, ) Wallaansa- baqaqsaanii baasuu, ashaboo ayoodiniin qophaa’e nyaachuu

  • Quufa summaa’aa – baayyachuu hoormoonii tayiroksiniiti. Sababa – daangaa olitti si’aa’uu xannacha taayirooyidii

Mallattoo – fedhiin nyaataa dabaluu, ulfinni xinnaachaa deemu,

  • Meksideema-       xinnaachuu       tayirooyidiin (nama ga’eessa keessatti (da’imaa keessatti kiretinizimii jedhama).

Sababa – miti si’ataa ta’u taayirooyidii

Mallattoo- hariitiin meetabolizimii gad-bu’u, hiriba dhabuu, ulfaatinni dabaluu, garaan goguu, goguu gogaa

  • Diyabetii melitusii (dhukkuba sukkaaraa) – jeeqamuu meelaabolozimii sukkaaraa, coomaa fi pirotinii

Sababa – dhibuu insuliinii ykn seelii xiyyeeffannoo dhabuu insuliinii

Mallattoo – polii yuuriya (fencaan baaayyee), polii daayipsiya (dheebuu cimaa), polii faajiyaa (beela cimaa), heeyiper gilaayiseemiyaa gilaayikosyuuriya, ketoyuuriyaa.

  • Diyabet insipidesii (finceesaa)- bishaanni baayyeen fincaaniin ba’u Sababa- xinnaachuu hormonii- ADH.

Mallattoo- dafanii dafanii fincaa’uu, dheebuu (leetira 4-10 guyyaatti)

  • 2.8.   Sirna Usaansaa

Usaansi adeemsa xurii seelota keessatti meetaabolizimiin oomishamu adda baasuun dhabamsiisuu dha. Xuriin kun itti fufiinsaan dhabamsiifamuun keessi qaamaa sadhataan tasgaba’aa fi sirrii ta’a. Haalli kun hoomihoostasasii(homeostasis) jedhama. Nama keessatti usaansi sirna qaamaa afuriin raawwata:

  • sirrna hargansuu (somba)- dhabamsiisuu CO2, gaasota biro fi bishaanii
    • Sirna gogaa – dhabamsiisuu bishaanii , ashaboo, yuuriyaa, laktik asiidii
    • Sirna bulleesuu soorataa (Tiruu)- dhabamsiisuu bishaanii, ashaboo, CO2, hadhooftuu (dhabamsiifamuun bobbaa usaansa miti )
    • Sirna yuriinerii- dhabamsiisuu ashaboo, summii,yuuriyaa, qorichaa,hormonii,

2.8.1 Sirna yuriinerii

Sirni kun qaamolee ja’a irraa kan ijaaramee dha: kalee lama, yuriiteeraa lama, afuuffee fincaanii fi yuriteraa dha (Fakk.2.15) .

Fakkii 2. 15 Caaasaa sirna yuriinerii

A. Caasaa kalee

Tokkoon kalee kutaalee gurguddoo 3 qabdi (Fakk. 2.16).

  1. Korteeksii – baqqaana alaa
  2. Meduullaa – baqqaanaa gidduu
  3. Pelvisii – baqqaana marrumman medullaa kan yuriteriitti banamu

Fakkii 2.16 Caasaa kalee

Dalagaa kalee

Kaleen dalagaalee armaan gadii raawwata:

  • Pilaasimaa calaluun fincaan uumuu
    • Osmoriguleeshenii (adeemsa to’annaa bishaanii fi ayonoota seelii).

2.8.3    Nefiroonii

Nefiroonin bu’uura caasaa fi dalagaa kaleeti. Tokkon kalee nefiroonota miliyona tokkoo ol qabdi. Tokkoon nefironii kutaa ijoo 2 qabdi (Fakk. 2.17);

  1. Reenalii kapsulii (kapsulii Bowmanii fi gilomeerulasii)
    1. Ujumoolee reenaalii [ ujummoo maraa olii (UMO), loopii Heenel (LH), ujummoo maraa gadii ( UMG) fi ujummoo sassaabduu(US).

Nefirooniin  xurii pilaazimaa dhiigarra adda baasuun fincaan omishuu. Tokkon tokkoon nefiroonii

korteeksii     keessaa  (kapsulii  Bowmaniin)      eegaluun  fincaan  peelvisii  keessatti  xuruursu.  Kana

jechuun: KOM→UMO→LH→UMG →US). Kapsuliin Bowmanii kaapilerota addaa Gilomerulasii

jedhaman qabatee jira.

Fakki 2.17 Caasaa neferoonii

2.8.4    Adeemsa oomisha fincaanii

Oomishi fincaanii kan eegalu yommuu dhiigi gilomerulasii seenee calallii gilomerularii uumuudha.Tooftaan fincaan oomiishuu akka walii galaatti adeemsa sadarkaa sadii qabuun raawwwata. Isaanis: calaluu gilomarularii (CG); Filachuun deebisanii xuuxuu (FDX) fi maddisiissuu ujummoo (MO),

  • Calaluu Gilomerulaarrii- sadarkaa kanatti dhiigi gilomerulari seenee dhiibbaa olaanaatti saaxilama. Yeroo kana wantoonni xixinnoon hammaan nm3 gadi ta’an karaa dhaabaa giloomarulasii ba’un kaapsulii Bowmaanii keessatti calallii gilomarularii uumu. Qabiyyeen calallii kanaas: Gilukosii, amiino asiidii, viitaaminii, hormonii, yuuriyaa, albuudota ashaboo, keraatinii fi bishaani. Guyyaatti namni tokko guyyaatt calallii

giloomarularii naannoo leetira 180 tu oomishama. Kana keessaaa sadarkaa FDX fi MU keessa darbuun, fincaan leetira 1 hanga 2tu guyyaatti oomishamuun dhabamsiifama.

  • Filachuun Deebisuun Xuuxuu- calallii ujummoolee reenaali sadan (UMO, LH fi UMG) keessa gadi lola’u/yaa’u irratti adeemsa FDX tu raawwata. Kana jechuun wantoonni qaamaaf barbaachsioo ta’an deebi’un gara kaapilaarota ujummoo reenaalii marsanii jiranitti geejjiba si’ataa fi osmoosisii dhaan xuuxamu. Adeemsa kanaan calallii gilomarulaarii keessaa %80 kan ta’utu deebi’ee xuuxama.
  • Maddisiisuu Ujummoolee- adeemsa kanaan kemikaalonni (yurik asiidii, qorichoota, hormonoota, …) qaamaa keessatti faayidaa hin qabne kaapilaarii dhiigaa ujummoolee reenaalii marsanii jiran keessaa gara calallii gilomarulariitti dabalamu.

2.8.5    To’annaa bishaanii fi ayonii fincaan keessatti

Cunqinni fincaanii kan hundaa’u haala bishan qaama keessa jiruu irratti. Kana jechuun, yommuu bishaanni qaama keessatti baayyatu(hydrated) fincaan bishaan baayyee qabutu ooomishama; yommuu bishaanni qaama keessaatti xiqqaatu (dehydrated) immoo fincaan bishaan xiqqoo qabutu oomishama. Haala qaamni hanqina bishaanii qabu keessatti, ujummoon sassaabduu bishaan fincaan keessaa waan deebisee xuuxuuf fincaan  cunqina (haayipertonika ta’e) qabutu oomishama. Kanis  kan ta’u, dhiibbaa hormonii farra dheebuu (ADH- anti diuretic hormone) jedhamuun ta’a.

Qaama keessatti xiqqaachuun bishaanii oomisha ADH dabala. ADHniin meembireenii ujummoo reenaalii caalmaatti banamee bishaan akka ofitti xuuxu taasisa. Karaa biraa immoo yommu qaamni bishaan gaha qaabu oomishamuun ADH waan hin jirreef fincaan callabaa’aatu (haayipotonikatu) oomishama.

2.8.6    Qabiyyee fi qabee fincaanii

Haala sirrii fi fayyummaa qabu keessatti, fincaan keessaa %95 bishaan yommu ta’uu  %5 kemikaalota (yuuriyaa, NaCl, KCl, keratinii, yuurikasiidii, fosfeetii, saalfeetii,) qabatee jira. Namni ga’eesi giddu galeessan guyyaatti fincaan leetira 1-2 oomishuun dhabamsiisa.

2.8.7. Kuusuu fi dhabamsiisuu fincaanii

Calalliin gilomarularii ujummoo sassaabduu keessatti fincaanitti eddaa jijjirame  booda  gara peelvisii reenaalitti darba. Peelvisii keessa gara ujummoo yuriteriitti darbuun dhaqee afuuffee fincaanii keessatti kuufama. Afuuffeen fincaanii yommuu walakkaa oliin (ml 200 ol) guutu,

kottonfachuun fincaan gara yuriteraatti dabarsuuf fedhii godhata. Yeroo kana fincaanni karaa yuriteraa qaamaa ba’a. Adeemsi kun fincaa’uu ykn mitktariishinii (micturition) jedhama. Adeemsi miktariishenii uumamaan fedhiin ala yoo ta’ellee, bilchina umuriin hanga tokko sammuun tursuu

/to’achuu ni danda’a.

Text Box: Shaakala 2.8a
1.	Gilukosii fi amino asiidiin jalqabatti calallii gilomeruaarii keessa jiru. Dhumarratti fncaan keessa garu hin jiran. Maaliif ?
2.	Fincaanni pilaazimaa jijjirameeedha. Ibsi?
3.	Calallii gilumeeluraalii	keessaa % meeqqatu filatamuun deebi’ee xuuxama; % meeqatu finca’an ta’a. (Huub: calallii gilomerularii lit.180 keessa lit. 1-2 fincaan ta’a)
4.	Dhibbaa dhiigaa gilomerulasii keessaa maaliif olaanaa ta’e?
5.	Calalliin gilomerulari qabiyyee pilazmaa dhiigaan garagarummaa qabu. Ibsi.
6.	Fincaanni haala kam keeeessattiii gilukoosii qabaachu mala?
7.	Adeemsi miktaarishinii fedhii jala moo fedhiin ala?
  • 2.9        Sirna Iskileetonii Namaa

Lubbu qabeeyyin hundi dalagaalee isaanii sirriitti hojjechuuf utubamuu fi socho’uu isaan barbaachisa. Sirni iskileetonii abbummaadhaan kan dalagaalee kana rbaayyee barbaachisaa dha. Akka waliigalaatti sirni iskileetonii 3 tu jiru:

Haayidiroo iskileetonii – biqilootaa fi raamolee keessatti argama;

Eksoo-iskileetonii– artiroopodaa keessatti argama

Indoo -iskileetonii– qurxummiilee , allattota, hoosistootaa fi rapitaayiloota keessatti argama.

Iskileetoniin namaa caasota lama irraa kan ijaarameedha: lafee fi kaartiileejii. Lafeen caasa jabaataa sirna kanaa yommuu ta’u, ashaboolee kaalsiiyeemii irraa kan ijaaramee dha. Lafeen seelota jiraato kan qabuu fi ofii isaatis kan guddatuu dha. Nama ga’eessa keessatti lafee 206 ta’antu jiru. Kaartiileejiin jabaata yoo ta’es caasa dadacha’uu danda’uu dha. Hoosistoota keessatti umurii gara gadiitti kaartiileejiin haa baayyatu iyyu malee akkuma umuriin dabalaa deemuun lafee dhaan bakka bu’aa deema.

Text Box: Shaakala 2.9a
1. Nafa keenya keessa bakka kaartiileejiin itti argamu lamaa ykn sadii tokko eeri.

2.9.1      Caasaa fi Dalagaa Sirna Iskileetonii Namaa

Sirni kun kutaalee lama qaba – Iskeleetoni aksiyaalii (axial skeleton ) fi Iskileetoni apendiikulaari (appendicular skeleton ) jedhamu.

A. Iskileetoniin aksiyaalii – kutaan kun lafee gosoota 4 qabatee kan jiru yommuu ta’u baayinni lafee waliigalaa isaa 80 ta’a. Isaanis;

  1. Qabee mataa (skull bone)- lafee 29
    1. lafeen qabee mataa qofti 22 yommuu ta’an lafeen gurraa (6) fi lafee liqimsituu (hyoid bone)( 1) dabalatee 29 ta’u. Lafeewwan kun sarara saacherii (suture) jedhamuun walitti hidhamanii jiru.
    1. Lafeen mataa bakka duwwaa kan akka balleensa sammu , mangaagaa, gidduu fi keessa gurra a,holqa funyaanii qabatee jira.
    1. lafeewwan kana gidduu qaawwi xixinnoon jiru. Isaanis fooraamiinaa (foramina) jedhamu. Fooraamiinaan daandi deemsa neervotaa fi dhiigaaf gargaaruu dha.
  2. Dugugguruu ykn bo’oo lafee dugdaa ( vertebral or spinal column) – lafee 33/26
  3. lafeen dugda umurii dargaggumaan dura 33 yommuu ta’u dargagumaan booda 26 ta’a.
  4. Walakkaan dugugguruu qaawwa niiwuraal kaanal jedhamu kan qabu yommuu ta’u innis narviin ispaainaalii (spinal nerves) kan keessa diriiree jiruu dha.
  5. lafee dugdaa wal cinaa jiru giddu qaawwa karaa narviin seenee ba’utu jira.
  6. lafeen dugdaa zoonii 5 tti qoodamu. Isaanis akka armaan gadiitti gabatee 2.9 keessatti ibsamanii jiru:

Gabatee 2.9 kutaalee lafee dugugguruu

T.Lzoonii / KutaaDalagaaleeBaayina Lafee (33/26)
1Mormaa (cervical)Socho’uuf, dabuu mormaaf7
2Laphee(thoracic)Lafee cinaachaa utubuuf12
3Huffa(umbar)Naanna’uuf, dabuuf5
4Mo’oo (sacara / hip)Ulfaatinaa qaamaa baachufdargaggumaan dura 5; dargaggumaan booda 1(5tu walitti baquun 1 ta’a)
5Eegee/faacho(caudal)Faayidaa hinqabu (namaaf)Dargaggumaan dura 4; dargaggumaan booda 1 (4tu walitti baquun 1 ta’a)
  • Lafee cinaachaa- lafee 24
  • Lafee molgoo cimdii 12 yommuu ta’an lafee armaa fi dugugguru wajjin wal qabachuun guuboo cinaachaa (rib cage) uumu. Caasaan kun onnee fi somba ittisuuf argaara.
  • lafeen kun hundi karaa duuba lafee dugdaa kutaa lapheetti yommuu qabatan, cimdiin jalqaba torban (7) immoo lafee armaatti qabatanii jiru. Cimdiin itti aanan 3 immoo kaartiileejii dhaan cimdii torbaffaatti yommuu qabatan, cimdiin lamaan hafan qileensarra jiru.
  • lafee armaa (sternum )-lafee 1
  • lafeen cinaachaa muraasa ta’an kan utubuu fi maashaalee abdoomenii muraasaaf bakka itti qabannaa ta’ee lafee tajaajiluu dha.

Apendiikulaarii– kutaan kun lafee waliigalaa 126 qabatee jira. Lafeewwan harkaa fi miilla iddoo tokkotii liimbii yommuu jedhaman; Lafeen harkaa- liimbii fuuldura, lafeen miilla-liimbii boodaa jedhamu . Iskileetoniin apendiikulaarii kutaa 3 tti qoodamu: Ceequu , Mo’oo fi Liimbii (Gabatee 2.10).

Gabatee 2.10 kutaalee lafee apendiikulaarii

 Gosa lafeecaasa fi amala
1Ceequu ( pectoral girdle ) – lafee 4-fuulduraan lafee armaatin, boodaan lafee cinaachaan maashaa cimaa dhaan wal qabatee jira; lafee harkaa ofitti hidhee jira.
2Mo’oo (pelvic girdle)- lafee 2-afuuffee fincaanii fi qaawwa teessuu marsee jira; lafee miillaa ofitti hidhee jira; kan dhalaa kan dhiiraarra ballata.
        3          Liimbii- lafee 120      hirree/harka – lafee 60-Ciqilee ol kan jiru hirree olii; Ciqilee gadi kan jiru immoo– hirree gadii jedhama. -lafeen hirree oli -1 qofa; huumeerusii jedhama lafeen hirree gadii- 2; raadiyeesii fi ulnaa jedhamu -lafeen hirree gadii fi barruu gidduu-8 ; kaarpaalii jedhamu -lafeen barruu –5 ; meetakarpelsii jedhamu. lafee qubaa- 14 ; falaanjeesii jedhamu, quba afran keessa 3; quba guddaa(thumb) keesssa 2
  miilla/luka- lafee 60-lafeen jilbaa olii- 1 fuumerii (fumer) jedhama. Karaa olii boolla mo’ootti, karaa gadii dhooqa jilbaatti qabatee jira. lafeen qadaaddi dhooqa jilbaa- 1; paateellaa jedhama. -Lafeen jilbaa gadii 2- tiibiyaa fi fiibullaa jedhamu. -lafeen gulubii/koronyoo-7; tarsaalsii jedhamu. lafeen faana-5; meetaatarsaalsii jedhamu. -lafeen quba miilla 14 ;- falaanjeesii jedhamu, quba afran keessa 3; quba guddaa(thumb) keesssa 2
Text Box: Shaakala 2.9b : Kitaaba wabii gaarii ta’e fayyadamuun lafee guutuu namaa kaasuun kutaalee gurgddoo armaan gadiitti eeraman hunda agarsiisi
a.lafee mataa	b. lafee hayoo’idii c. lafee armaa d.laafee dugugguruu e. lafee f. lafee mo’oo fi ceequu  g. lafee cinaachaa  h. huumeerusii	i. raadiyeesiij. j. meetakarpelsii k. kaarpaalii
l. falaanjeesii m. fuumerii n. paateellaa o. tiibiyaa fi fiibullaa p. tarsaalsii q.meetaatarsaalsii

2.9.2      Mitika/Buusaa (joints)

Mitiki/Buusaan bakka lafeewwan lama ykn isaa ol wal quunnaman yommu ta’u lafeen kallatti adda addatti akka socho’an gargaara. Sadarkaa bilisaan socho’uu isaanii irratti hunda’uu dhaan buusaan bakka gurguddoo 3 tti qoodamu (Gabatee 2.11):

Gabatee 2.11 Gosoota mitikaa

 BuusaawwanIbsaFkn
1Sochi kan hin taasisne (fixed joints)tasa hin socho’anqabee mataa
2Xiqqo kan socho’anhanga xiqqo socho’ulafee dugdaa
3Bilisaan kan socho’an (gosa baayye dha)kallatti 1,2 ykn 3n socho’u 
a. kubbaa fi holqa (ball&socket )kallatti hundaan (3n) socho’uHarkaa fi miilla
b. akka cufaa balbalatti kan soch’an (hinge)kallati tokkon-fuldraa fi boodaCiqilee,jilba, quba
c. piivootikallatti tokkon -ofirra naann’uuMorma,ulnaa,raadiyeesii
d. Foqoqoo (gliding joints)kallatti tokkon -duraa fi duubattiBarruu ,gulubii
  • 2.10       Sirna Maashaa Namaa

Dameen anaatoomii kan waa’ee lafee qoratu miiyoloojii (myology) jedhama. Tishuun maashaa seelota dhedheeroo faayiberoota maashaa jedhaman irraa kan ijaaramanii dha. Baayyen maashaa lafeetti kan qabatanii jiranii dha. Maashaan dalagaa hedduu qaba: sochiif (locomotion), tasgabiif (stability), walquunnamtiif (communication), ballachuu fi dhiphachuu ujummowwanii fii ho’a qaamaa to’achuu tiif ta’a. Amaloonni addaa maashaa – deebii kennuu (responsive) ,kontonfachuu, diriiruu, fi iddootti deebi’uu (elasticity) dha.

2.10.1      Akaakuu Marshalee

Nama keessa maashaa gosa sadiitu jiru. Isaanis: Marshalee lafee (skeletal muscles). Marshalee lallaafoo ( Smooth muscles ) fi maashaalee onnee ( cardiac Muscles ) ta’u.

Maashaaleen lafee to’annaa sammuutiin yommuu dalagaa isaanii raawwatan warren kaan garuu to’annaa sammuu ala dalagu (involuntary muscles). Kanaaf, Maashaaleen lafee maashaalee fedhii (voluntary muscles) yommuu jedhaman marshalee lallaafoo fi maashaalee onnee maashaalee fedhii maleeyyii (involuntary muscles) jedhamu. Marshalee lallaafoo fi maashaalee onnee iddoo tokkottii maashaalee Keessoo (Visceral muscles) jedhamu.

Maashalee lafee

  1. Caasaa fi amala maashaalee lafee
    1. Maashaaleen  kun  seelota  faayiberoota  dhedheeroo     niwukileessii  hedduu     qaban irraa kan ijaaramanii fi ribuudhaan ( tendon) lafeetti kan hidhamanii jiranii dha.
    1. Seelonni kun filaamentoota pirootina aktinii fi miyoosinii irraa tolfaman qabu .
    1. Filaamentoonni      kun wal-qaxxaamuroo (striated muscles ) fi membireenii sarkooleemaa jedhamuun kan marfamanii dha.
    1. Dafanii kottonfatu, dafanii dadhabu

B.   Dalagaa Maashalee lafee

Lafeen socho’uudhaaf maashaalee masanuu ta’an lama barabaada. Maashhaan inni tokko yeroo kottonfatu lafeen kallattii ta’e tokkoon socho’a, maashaan inni hafe yeroo kottonfatu immoo lafeen kun kalatttii faallaattiin socho’a. Fkn: lafeen harkaa maashalee masaanuu ta’an lama qaba: Baayiseepsii- maashaa hirree gara duraa fi tiraayiseepsii-maashaa  hirree  gara boodaa. Tooftaan dalaga isaanis;

  • Baayiseepsiin yeroo kottonfatu tiraayiseepsiin ni diriira, yeroo kana lafeen harkaa inni duraa akka ol-ka’u taasisa. ( (bi =2 tendos) (tri =3 tendos)).
    • Baayiseepsiin yeroo diriiru tiraayiseepsiin ni kottonfa, yeroo kana lafeen harkaa inni duraa akka diriiru godha.

Marshalee lallaafoo (smooth muscles, Visceral muscles)

  • Dhaabaa keessoo daandii soorataa, ujummoo dhiigaa uwwisee argama .
    • Seelota faayibarii sirriitti mul’atanii fi niwukilees-tokkee qabu.
    • Faayibarootni kun wal-qaxxaamuranii hin jiran ( unstriated )
    • Dadhabina malee yeroo hundaa hojjetu

Maashaa onnee (Cardiac muscles)

  • Seelonni maashaa onnee gagabaabo miyoositii (myocytes) jedhamanii dha.
    • Dhaaba onnee qofa keessatti argama.
    • Miyoosiitoonni wal-qaxxaamuranii argaamu, akkasumas birkii isaaniidhaan wal-xaxauun saaphana uumu.
    • Dadhabina malee yeroo hundaa hojjetu
Text Box: Shaakala 10.1a
1.garaagarummaa maashaalee sadanii tarreessi.
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *