General Biology I – Biol 211

Maqaa Koorsii:- Baayoloojii Waliigalaa I

Koodii Koorsii:- Biol.211

Kireditii Haawarii  (Cr.Hrs):- 3  

Kontaakti Haawarii:- Sa’a 7 (Fuulaa fuulatti  sa’a 4 fi Laabooraatoorii sa’a 3)

Koorsii dureen barbaachisu :-  BNSC 101 fi BNSC 102

Brattoota baraachuu qaban:–  Barattoota Muummee  “Integrated science” (Kutaa 5- 6 Barattoota Dippiloomaatif)

 
BOQQONNAA 1

  1. Saayinsii Baayoloojii
    1. Uumamaa fi Bal’ina Baayoloojii

Kaayyoo

Dhumaa boqonnaa kanaa booda barattoonni:

  • Hariiroo barnootni baayoloojii saayinsii biro waliin qabu ni hubatu.
  • Faayida barnoonni baayoloojii  (addunyaa keessatti) naannoo fi dhalaa namaaf  qabu ni beeku.
  • Saayinsii fi dhawaata mala saayinsaawa adda ni baafatu.
  • Rakkoo  furuuf mala saayinsaawatti ni faayadamu.
  • Meeshalee baayoloojistoonni mana yaalii fi mana yaalii alaatti ittin hojeetan adda ni baafatu.

Saaynsiin waa’ee uumama fi adeemsa uumama irratti kan dhimmamudha.Baayoloojiin dameelee saayinsii hedduu keessaa isa tokko yammuu ta’u innis waa’ee ruqqoolee uumamaa yookan lubbu qabeeyyii kan qo’atudha. Jechi baayoloojii “Baayoloojii” jedhu kan argame jechoota Giriikii lama irraa kan uumame yoo ta’u isaaniis “Baayoo” fi “Loogas” irrati. Hiikni isaaniis “Baayoo” jechuun “Lubbu” jechuu yoo ta’u, “Loogas” jechuun immoo “Qo’achuu” jechuudha. Kanaafuu, baayoloojiin dame saayinsii uumamaa ta’ee, kan waa’ee wantoota lubbuu qabanii qo’atudha. Barnooni baayoloojii yeroo tokko tokko saayinsii lubbuu jedhama.

Beekumsi keenya gama lubbuutiin jiru kan argamu karaa mala saayinsaawaati. Baayoloojiin mala saayinsaawaati faayadamun waa’ee uumama fi dalagaa lubbu qabeeyyi, akkasumaas hariiro isaan waliinii fi naannoo isaanii waliin qaban qo’ata.

Bal’inni barnoota baayoloojii qabiyyee lubbu baay’ee xiqqaa ta’e molekiyuuloota akka sukaaraa, amiinii asiidii, faatii asiidii fi niwukiiliik asiidoota (DNA fi RNA) hanga baay’ee walxaxaa caasaa seelii fi orgaaneloota bal’ata. Dabaalatanis  baayoloojiin, sadarkaa orgaanizimii tokko fi uumataati, fi sadarkaa qaamaa fi tishuutti bal’ata.

Baayoloojiin waa’ee lubbu waan qo’atuf dhalii nama jireenya isaa keessatti kara hedduun muxxannoo baayoloojikaalaa keessa waan darbuuf gammachuu fi kaka’umsa inni barnooticha irratti qabu ol’aanaadha. Akkasumaas  gaafiin waa’ee mata ofii fi wantoo naannoo keessa jiran beekuf kan deebii argatu kara barnoota baayoloojiiti.

  1. Hariiroo Baayoloojiin Barnoota Biroo Wajjin Qabu

Gosti barnoota tokko yaada hiddama duran ture foyeessuf, argannoo haaraa dabaaluf, saayinsii fi teekinoloojii waliin guddachaa adeemuf gosa barnoota biro wajjin hariiroo uumun barbaachiisadha. Akkuma barnoota gosa biro baayoloojiin of danda’ee kan dhaabbatu  ta’ullee guddachuu fi faayidaa addaa addaaf  ooluu kan danda’u barnoota biroo waliin ta’eeti waan ta’eefis baayoloojiin gosa barnoota biroo wajjin hariiroo cima uuma.

Barnoonni baayoloojii wal-qunnamtii barnoota biro wajjin qaban keessa muraasin chaartii armaan gadii keessatti ibsamaniiru.

Gosa Barnootaa Hariiroo Wajjin QabanDamee Baayoloojii
      BaayoloojiiJi’ogiraafiiBaayoji’ogiraafii
FiiziksiiBaayofiiziksii
Ji’oloojiiPalentoloojii
KeemistiriiBaayokeemistirii
HerregaBaayomeetirii
SeenaAntiroopoloojii

Dameelee baayoloojii chaartii armaan olii keessatti tarreeffaman mana kitaabaa seenuudhaan waa’ee maalii akka qo’atan barreessi gabaasa kee dareef dhiyeessi.

  1. Ga’ee  Baayoloojii Hawaasa Keessatti Qabu

Barnoonni baayoloojii hawaasa keessatti faayida maal qaba? Gareen irratti mari’adhaa.

Barnoota baayoloojii maaliif barannaa?

Mee sababoota ta’an jeete kan yaadu tarreessi.

Baayoloojiin muuxannoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti baay’ee walitti hidhamee jira.Baayoloojii akka barnoota saayinsii tokkootti barachuun beekumsaa waliigalaa guddifachuu qofa osoo hin ta’in rakkoolee hawaasa hiikuufi jireenya fooyyeessuu keessatti qooda guddaa qaba.

Ga’ee baayoloojii jireenya hawwasummaa keessatti qabu:

Baayoloojii fi Qonna

Beekumsi baayoloojii oomisha nyaata guddisu keessatti ga’ee guddaa qaba. Baayoloojistooni qorannoo biqiloota nyaatni irraa oomishaman irratti gaggeessun, biqiloonni kun:

  • Dhukkubaa fi goggiinsa dandamachuu kan danda’an,
  • Qilleensa naannoo haaraati baru kan danda’an fi
  • Yeroo gabaaba keessatti firii garii kennu kan danda’an oomishama jiru.

Baayoloojii fi Fayyaa

Barnoota baayoloojii kennudhaan:

  • Barbaachisummaa qulqullina naannoo fi qulqullina dhuunfaa barsiisuun ni danda’ama.
  • Namoota ogummaa fayyaa irratti leenjiisun ni danda’ama.
  • Nyaata madalawaa nyaachuun bu’a inni fayya fi dagaagina qaama irratti qabu uumata barsiisun ni danda’ama.
  • Sababoota, malattoo fi mala ittisa dhukkuboota daddarboo ta’an uumata barsiisuf.


Baayoloojii fi Uummata

Barnoota baayoloojii kennuudhaan baay’ina uummata dabalaa deemu to’annaa jala oolchuun ni danda’ama. Kara kanaan ga’een barnoonni baayoloojii rakkoolee hawaasummaa fi baayoloojiikaalawaa sababa baay’ina uummatan dhufan hiikuuf raawwatus:

  • Rakkoo baay’ina uummataatti aanee dhufu hiikuu fi faayidaa maatii xiqqoo fi karaalee ittiin maatii karoorsan irratti barumsa bal’inaan kennudha.
  • Maloota ittiin da’umsa ittiisan adda addaa barsiisuun rakkina baay’ina uummataa yeroo ammaa mul’atu hambisuu.

Baayoloojii fi Naannoo

Barnoonni baayoloojii rakkoowwan naannoo addunyaa irratti mul’atan kanaaf hiika kennu keessatti ga’ee ol’aanaa ni rawwata. Kunis:

  • Wantoota naannoo keenya irra badhaasa uumamaatiin argaman karaa sirna qabuun akkaataa dhimma itti baanu ni hubaachisa.
  • Naannoo keenya akka hin faalamne eegumsaa fi eegannoo barbaachisoo ta’e gochuun akka dhala nama irraa eegamu ni barsiisa.
  • Malummaa, sababaa fi tatee ho’insi addunyaa biyyaa lafa irratti qaqabsiisa jiru ni hubachiisa.
  • Dhali namaa waa’ee naannoo ilaalchisee yaada fi ilaalcha haaraa akka qabaatan taasisa jira.

Baayotekinoloojii

Damee baayoloojii keessa isa ammayyaa kan ta’e fi qorannoo isaa saffisaan babalchaa kan dhufedha.Qorannoo isaa keessatti kaayyoo inni qabu:

  • Dhukkuboota jeneetiksii fayyisuuf.
  • Dhalii namaa dafee akka hin dulomnee gochu.
  • Seeloota istimii “stem cells” jedhamun qaama midhamee faayisuu fi dhumaraatti seelota kana irraa qaama haaraa uumu.
  • Biqiloonni farra ilbiisoota ofii isaniitiif qopheeffachuu akka danda’an, kan farra ilbiisoota itti biifu hin barbaachiisnee mala fooya’insa jeneetiksiin omishuu.
  • Mala fooya’insa jeneetiksiin “Genetically modifying” biqiloonni naannoo goginsaa keessatti firii garii akka kennan gochuu.
  1. Mala Saayinsaawaa

Mala saayinsaawaa jechuun karaa saayinsaawaa ta’e tokkon rakkoo hiikuuf gargaarudha. Kunis dhawaata (steps) mata isa danda’e qaba. Saayintistoonni mala dhawaata waliitti fufinsaa (series of steps) wal fakkaatuutti fayyadamu. Isaanis:

  • Daawwii (observation)
  • Rakkoo addaan baasuu
  • Odeeffannoo walitti qabuu
  • Mala dhahuu
  • Ibsa indaaktivii fi didaaktivii
  • Mala dhahameef furmaata barbaaduu (yaalii)
  • Ragaalee funaanuu fi galmeessuu
  • Ragalee funaanaman xiinxaluu fi qaaccessuu
  • Yaada xumuraa
  • Madaallii
  • Gabaasa firii (bu’aa argamee)
  1. Daawwii (observation)

Beekumsi saayinsii tokko kan calqabamu daawwiidhani. Adeemsa daawwii keessatti jireenya wantoota sana, taateewwan sila ta’anii fi rakkoo adda addaa beekuu fi hubachuu ni danda’ama. Kun immoo kallattiidhaan karaa qaama miiraa yookan al-kallattiin meeshaa addaa addaatti fayyadamuun ta’uu danda’a.

  1. Rakkoo jiru addaan baasuu

Egaa waan tokko ilaallee booda, rakkoon sun mal akka ta’e fi dhugaa waa’ee rakkoo sanaa ibsuu danda’uu qabna.

  1. Odeeffannoo walitti qabuu

Rakkoo jiru eega adda bahee booda, naannoo rakkoon mul’ate sanaatti bifa ilaaluudhaan, iyyaafannoon, gaafii fi deebiin fi dubbisuudhaan odeeffannoo walitti qabuu.

  1. Mala dhahuu

Mala dhahuun rakkoo argame sanaaf ibsa kennu jeechuudha. Mala dhahinsa yaada saayinsaawaa yookan furmaata yeroo rakkoo argame sanaa ta’uu kan danda’uudha.

  1. Ibsa indaaktivii fi didaaktivii

Isaan kun immoo akkaataa itti malli dhahamuu danda’u agarsiisu.

          Indaaktivii:- waan salpha irraa ka’un gara waan walxaxaatti adeemu ibsa.Kana jechuun gara waan guddaa fi waliigalaa ta’etti adeemuudha.

      Fkn: Faximaan mataa tokko qabdi.

              Dheeressan mataa tokko qaba.

              Urgeessan mataa tokko qaba.

Kanaafuu, dhalii namaa hundi mata tokko qaba.

        Ibsa didaaktivii :- mala kana keessatti gudunfaan waa’ee waan tokko waan waliigalaa irraa kaasee gara waan tokkoottii adeemudha.

Fkn:- Lubbuu qabeeyyiin hundinuu wal-horu.

          Leenci lubbu qabeessa.

         Gudunfaa: Leenci wal-horu.

  1. Mala dhahameef furmaata barbaaduu (yaalii)

Malli dha’ame dhugaa ta’uu fi dhiisu kan ittin mirkaneeffanuu yaaliidha. Odeeffannoo argame irraa ka’uun jecha waliigalaa isaa duraanii fooyyessuun ni danda’ama. Kanaafuu, jecha waliigalaa isa duraanii haala qaabatama wajjin qabsiisuuf irraa deebi’amee akka hubatamu gochuu qabna. Kunis piriidiikshinii jedhama.

Eega kun raawwatamee booda ragaaleen bifa gabatee daataa, giraafii fi kkf ti jijjiiramee galmeeffamu qaba. Akkasumas raga funaaname xiinxaluun daataa argame ijaaruu fi qu’achuun barbaachiisaadha.

Tartiibawwaan mala saayinsawaa ibsi itti hin kennamiin hafan kitaaba wabii yookan barsiisoota istiriimii barnoota gaafachuudhaan barreeffaman qopheessi daree keetif dhiyeessi.

  1. Meeshalee Bu’uraa Baayoloojiistoota

Odeeffannoo baayoloojikaalawaa kara daawwii fi yaaliin funaanama. Kanaafuu, baayoloojiin daawwii fi yaalii mana yaalii fi diree irratti godhamun qo’atama. Hojiin gochaan hojeetamu kun barnoota baayoloojii yaada hiddama bifa od-ibsaan daree keessatti barsiifamu hiika qabeessa fi qabatama taasisuf faayada. Kanaaf immoo toftaafi meeshalee baayoloojii garaagaraatti faayadamun barbaachisaadha.

Meeshalee baayoloojiistoonni itti hojeetan hanga beektu tarreessi.

Meeshalee baayoloojiistooni ittin hojeetan, meeshaa mana yaalii fi meeshaa mana yaali alaa(diree) jedhamuun bakka lamati qoodama. Meeshaleen kunnin dalagaa isaani wajjin chaartii armaan gadii keessatti ibsameera.

Meeshalee (Tools)Dalagaa
Meeshalee Mana Yaalii 
MaayikirooskoppiiWantoo guddisu fi adda basee mul’isu.
PeetirdishiiAgariin irratti godhamee baakteeriyaa guddisuf
Seenterfiyuujii (centrifuge)Jajjaboo fi dhagala’oo adda baasuf
AkuwaariyamiiBiqiloonni  fi bineensonni bishaanawoo qo’annof keessa jirataaniidha
TeraaramiiOrgaanizimoota kan akka lafaatti tajaajiluu bidoollee nam-tolcheedha
Mooyyee fi muktumaaQaama biqiloota kichuu keessa dhangala’baasuf
Madaala hangaUlfaatina wantoo safaruuf
Kitii baqaaqsiitu (Cophisituu, maqaasii, ablee xiqqoo, qabdu, burushaa fi kkf of keessatti qabu).  Qo’annoo qaama keessaf tishuu baqaaqsuufi muruf
Meeshaalee mana yaalii alaa ( Diree) 
AltiimeetiriiOlka’insa lafaa safaruuf
Turura (Net)Ilbiisoota balali’an ittin funaanuuf
Jaarii lubbu baasEddattoo funaanuufi keessatti ajjeesuuf
Kitii PHHamma PH biyyee safaruuf
Teedoliitii (Theodolite)Dheerina mukeenii (trees) safaruuf
GPS (Global Positioning System)Mappii bal’ina iddoo tokko bifa ariitii fi sirrii ta’en safaruuf
QarxiiRoga- afree eddattoo ittiin funaanuf

BOQONNAA 2

2. Keemistirii lubbu-qabeeyyii

Kaayyolee

Boqonnaa kana erga barattanii booda

  • Elemontoota qaama lubbu-qabeeyyii keessatti argaman addaan ni baafatu.
  • Amaloota bishaanii ni ibsu.
  • Kompaawundoota Orgaanikaa ni tarreessu.
  • Kaarboohaayidireetiin elementoota irraa ijaaramee fi faayidaa isaa ni ibsu.
  • Faayidaa Pirootinootaa, Liippiidotaa fi Asiidota Nukiliikii ni ibsu.

2.1. Molokiwuulota In-orgaanikii

  • Elementoota tilmaamaan 100 ta’an keessaa kanneen lubbu qabeeyyii keessatti argaman 16 ta’u.
  • Elementoonni afran qaama lubbu-qabeeyyii keessatti argaman hayidiroojiinii, kaarbanii, oksijiinii fi naayitiroojiinii dha.
  • Elementoonni kun salfarii fi foosfarasii wanjjiin ta’uun atomoota qaama lubbu-qabeeyyii keessaatti argaman keessaa % 99 ta’u

Gabatee 2.1. Elementoota qaama lubbu qabeeyii keessatti argaman.

Elementoota Heddumminaan argaman                     AyoonotaElementoota xiqqeennaan rgaman
Hayidiroojiinii (H)Kaarbanii (C)Naayitiroojiinii(N)Oksijiinii (O)Foosfarasii (P)Salfarii(S)  Na+ Mg2+ Cl K+ Ca++Mangaanisii (Ma)Ayiranii (Fe)Koobaltii (Co)Koopparii (Cu)Ziinkii (Zn)

Gaaffii:- Elementoota jiran keessaa kanneen armaan olii maaliif lubbu qabeeyyii keessatti  argamuu danda’an?

2.1.1Bishaan

  • Bishaan malee lubbu-qabeeyyiin dachee irra jiraachuu hin danda’an.
  • Qaama lubbu-qabeeyyii keessatti bishaan kompaawundii heddumminaan argamu.
  • Ulfaatina qaama lubbu-qabeeyyii keessaa %65 – 95 ta’a.
  • Bishaan qabiyyee seelii lubbu qabeeyyii keessaa kompaawundii baay’ee barbaachisaa ta’e dha.
  • Kana malee lubbu qabeeyyii isa keessa jiraataniif naannoo jireenyaa mijataa ta’e uuma.
  • Molokiliin  bishaan atomoota hayidiroojiinii lamaa fi atomii oksijiin tokkorraa uumama.
  • Hidhoon hayidiroojiinii fi oksijiinii giddutti uumamu hidhoo koovaalaantiiti.
  • Oksijiiniin elektiroo nageetiviitii guddaa waan qabuuf dandeettii elektiroonii atomii hayidiroojiinii gara ofiitti harkisuu guddaa qaba.
  • Kanaafuu molokilii bishaanii keessatti elektiroononni hidhoo koovaalantii uuman irra caalaa gara atomii oksijiiniitti siiqanii argamu.
  • Haalli kun molokiliin bishaan keessatti chaarjiin pozativii xiqqaa fi chaarjiin negaativii xiqqaan akka uumamu taasisee jira.
  • Kanaafuu molokilii bishaan keessatti oksijiiniin chaarjii negaativii xiqqaa yoo baatu, atomoonni hayidiroojiinii lamaan immoo chaarjii pozaativii xiqqaa baatu kanarraa kan ka’e bishaan molokilii bantawaa (poolaraa’aa) dha.
  • Molokiloonni bishaanii bantaawaa waan ta’aniif walharkisu.
  • Kanaafuu hidhoo isaan giddutti uumama.
  • Hidhoon kun hidhoo hayidiroojiinii jedhama.

 

Fakkii 2.1: Molokilii bishaanii

  • Kanaafuu amaloota fiizikaalaa fi keemikaalaa isaa ilaaluun barbaachisaa dha.


2.1.2.Amaloota Bishaan

 A. Amaloota Fiizikaala bishaanii

  • Amaloota bishaan hedduuf sababa kan ta’an,
  • hamma xiqqaa qabaachuu,
  • bantawaa(poolaraa’aa) ta’uu fi
  •  hidhoo hayidiroojiinii molokiloota isaa giddutti argamani.
  • Amaloonni fiizikaalaa bishaanii beekamoo ta’an kanneen armaan gadiiiti

 i. Amala bulbulummaa (solvent properties)

Bishaan bulbulaa gaarii wantoota bantaawaati. Kunis kompaawundoota ayoona’aa kan akka ashaboolee fi wantoota ayoona’aa hin ta’in muraasa kan sukkaara dabalata. Wantoonni kunniin bishaaniin yemmu walitti makaman ayoonotaa fi garee poolarii isaanii molokiloota bishaaniitiin waan naanneffamaniif gargar bahu. Wantoonni bishaan keessatti yemmuu bulbulaman, ayoononni yookiin molokiloonni bilisaan waan socho’aniif yeroo jajjaboon jiran caalaa walnyaatinsa keemkaalaa keessatti qooda fudhatu. Kana waan ta’e walnyaatinsi keemkaalaa seelii keessatti kan raawwatamu bulbula bishaanii keessatti. Molokiloonni miti-poolaraa’aan (bantawaa) hin ta’iin kanneen akka lippiidota bishaan keessatti hin bulbulaman.

  ii. Dandeettii hoo’uu gudda qabaachuu (High heat capacity)

Dandeettiin hoo’uu bishaanii hamma hoo’aa tempireechara bishaan kiilogiraama tokkoo (1kg) oC tokkoon dabaluuf yookiin ol kaasuuf barbaachisuu dha. Bishaan dandeettii hoo’aa guddaa qaba. Kana jechuun aniisaan hoo’aa guddaan yemmuu dabalamuu, tempireecharri bishaanii hamma xiqqaadhaan dabala. Kun kan ta’u danda’eef.

anniisaan harki caalaan hidhoo hayidiroojiinii molokiloota bishaan giddu jiru caccabsuuf waan baraaxa’uufi.

Bishaan dandeettii hoo’uu guddaa waan qabuuf jijjiiramni teempireecharaa bishaan keessaa xiqqaa dha. Haalli kun lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraataniif gaarii dha. Sababnis jijjiirama teempireecharaatiin hin jeeqamani.

   iii.Hoo’a hurkaa guddaa qabaachuu ( High heat of vaporization)

Hoo’i hurkaa hamma anniisaa hoo’aa bishaan dhangala’oo gara gaasiitti (hurkaatti) jijjiiruuf barbaachisuu dha. Bishaan gara hurkaatti jijjiiramuuf anniisaa hoo’aa guddaa barbaada. Kunis hidhoo hayidiroojiinii qabaachuu irraa kan ka’e dha. Kanarraa kan ka’e bishaan qabxii danfinaa baay’ee guddaa ta’e qaba. (100 oC). Annisaa bishaan harkisiisuuf gara bishaaniitti, yemmuu naannoorra dabru, naannoo sun ni qabbanaawa. Fakkeenyaaf yeroo dafqi qaama keenyarraa hurku qaamni keenya ni qabbanaawa. Sababnis hoo’ii guddaan dafqa wajjiin gara alaatti waan bahuuf.

iv. Hoo’a baqiinsaa guddaa qabaachuu (high heat of fusion)

Hoo’i baqiinsa hamma anniisaa hoo’aa cabbii gara bishaan dhangala’ootti jijjiiruuf barbaachisuudha.Bishaan bifa cabbiitiin jiru gara bifa dhangala’ootti jijjiiruuf anniisaa guddaa barbaachisa.Bishaan dhangala’oon gara cabbiitti geeddaramuuf immoo anniisaan hoo’aa guddaan bishaan keessaa bahuu qaba.

     v.  Rukinnaa fi amala cabbaa’uu bishaanii

Rukinni cabbii rukina bishaan dhangala’ootii gadi. Kanaafuu cabbiin bishaan irra bololi’a. Yemmuu bishaan cabbaa’u cabbiin jalqaba kan uumamtu gubbaa bishaanii irratti.Uutuu cabbiin gara jala  bishaaniitii kanu uumamu ta’e lubbu qabeeyyiin bishaan keessaa jiraachuu hin danda’an . Bishaan gubbaarratti uumamuun cabbii carraan jiraachuu lubbu qabeeyyii bishaan keessaa akka dabalu taasisa.

    B. Amala keemkaalaa bishaanii

 Bishaan walnyaatinsa keemkaalaa meetabolizimii keessatti qooda fudhata. Fakkeenyaaf adeemsa Fotosenteesisii keessatti madda hayidiroojiniiti.

2.1.3. Faayidaa bishaan qaama lubbu qabeeyyi keessatti qabu

  • Orgaanizimoota bishaan keessaa utubuun akka isaan bishaan daakan gargaara.
  • Fartilaayizeeshiiniin keessatti gaggeffama.
  • Fotosenteesisii keessatti qooda fudhata.
  • Ayoonota inorgaanikii fi kompaawundoota orgaanikii qaama biqilootaa keessa geejjiba.
  • Muta’uu sanyiitiif barbaachisa
  • Sirna marsaa dhiigaa, sirna limfaatikii fi sirna usaansaa bineeldotaa keessatti wantoota geejjiba.

Gaaffii:- Faayidaa bishaan lubbu-qabeeyyiif qabu kan biroo tarreessuun ibsaa.

 2.2. Kopaawundoota Orgaanikii

    2.2.1.  Garee maa’ibaastotaa

Garee maa’ibaastotaa kutaa kompaawundoota orgaanikii wal-nyaatinsa keemkaalaa keessatti qooda fudhatanii dha. Gareen kun tokkoon tokkoo molokilootaaf amala adda ta’e kennu. Keemistirii lubbu qabeeyii keessatti gareen maa’ibaastota baay’ee barbaachisaa ta’an kanneen armaan gadiiti.

  • Garee hayidiroksaayilii (-OH)
  •    ”       kaarboonilii (-CO)
  •    ”       kaarboksilii (-COOH)
  •    ”      amiinoo (-NH2)
  •    ”      Salfoohayidiriilii (-SH) fi
  •    ”      Foosfeetii (PO43-)
  1. Garee Hayidiroksaayilii (-OH)

  Garee haayidiroksaayilii keessatti haayidroojiijiin atoomii oksijiiniiti kan hidhame dha. Akkasumas oksijiiniin immo kaarboonii kompaawundiin orgaanikii keessaa jirutti hidhama. Sababa chaarjii negativii oksijiinii irra jiru irraa kan ka’e gareen haayidiroksaayilii uumamu poolarii qaba. Haayidiroksaayiliin bishaan waan ofitti harkisuuf, kompaawundoonni orgaanikii haayidirooksaayilii qaban bishaan keessatti ni bulbulamu. Fakkeenyaaf sukkaarri faan waan –OH qabaniif bishaan keessatti ni bulbulamu. Kompaawundootni orgaanikii garee (-OH) qaban alkoolii jedhamanii beekamu.

      b.  Garee   Kaarboonaayilii (-CO)

  Garee kaarbonaayilii oksijiiniin hidhoo dachaatiin kaarboonii wajjin waalitti  hidhame.  

  Gareen maa’ii baaasii kun qarqara kompaawundoota orgaanikiitti kan argamu yoo ta’e   

  kompaawondichi aldaahaayidii jedhama, giddutti kan argamu yoo ta’e immoo ketoonii jedhama.

C. Garee   Kaarboksilii ( -COOH)

Yemmuu oksijiiniin kaarboonitti hidhoo dachaadhaan hidhamuu fi haayidirooksaayilin kaarboonichumatti hidhamu gareen kaarboksaayilii jedhamuu ni uumama (-COOH) . Kompawundootni kaarboksaayilii qaban asiida kaarboksaayiliik yookiin asiida orgaanikii jedhamu.

d. Garee Amiinoo (-NH2)

Gareen amiinoo naayitiroojinii haayidiroojinii lama wajjin hidhoo koovalantitiin hidhame qaba. Kompaawondootni orgaanikii garee maa’ibaasii amiinoo qaban amaayinsii jedhamu. Gareen amino amala beezumma qaba.

e. Garee Salfoohayidiriilii (-SH)

Garee salfahaayidiraayilii kan jedhaman salfarii fi fhaayidiorojinii hidhoo koovalantitiin walitti qabamanii dha. Kompaawundoota orgaanikii salfaahaayidiraayilii qaban tiiyolsi jedhamu. Kompaawundiin tiiyolsin foolii hanqaaquu tortoree qabu.

e . Garee Foosfeetii (PO43-)

Kompaawondootni orgaanikii foosferiki asiidii wajjiin hidhoo koovalantitiin yoo walqabatan gareen foosfeetii ni uumama. Fakkeenyaaf kompaawondootni orgaanikii kan akka niikuliik asidii garee foosfeeftii qabu.

Kompaawundoota orgaanikii keessaa lubbu qabeeyyiif barbaachisoo kan ta’an baay’een isaanii polimaroota. Kompaawundootni akkanaa atomoota heddu kumaatamaan lakkawaman of keessaa qabu. Kompaawundootni gurguddoon akkasii kun maakiromolokilsii yookiin poolimaroota jedhamu. Fakkeenya, pirootiinii fi niikuliik asidii. Molokilootni xixiqqoon si’a baay’ee walnyaatinsa keessa seenuun molokiloota gurguddoo uuman monomaroota jedhamu.

Adeemsi moonomarootni hidhoo koovalantiin poolimaroota uuman kondenseeshinii jedhama. Adeemsa kana keessatti firiin walnyaatinsaa polimaroota fi bishaan ta’a. Gara biraatiin immoo adeemsa diiggaa keessatti poolimaroota gara monomarootaatti caccabsuu fi bishaan poolimarootatti dabaluun barbaachisaa dha. Adeemsi akkasii kun haayidiroliisisii jedhama.

Kompaawundootni maakiroo molokilsiii jedhaman keessa tokkoon isaa otuu hir’ate lubbuun jiraachuu hin dandeessu.

              2.2.2. Kaarboohaayidireetota

Kaarboohaayidireetonni elementoota kaarboonii, hayidiroojiinii fi oksijiinii irraa kan ijaaraman yoo ta’u foormulaa waliigalaa (CH2O)n qabu, “n” baay’ina atomii kaarbooniiti.

Reeshoon hayidiroojiinii fi oksijiinii karboohaayidireetii keessaa, reeshoo isaanii bishaan keessatti qabaniin tokko. Kana jechuun 2:1.

Karboohaayidireetoonni amaloota armaan gadiis ni qabu.

  • Hundumtuu aldihaayidota yookiin ketoonota
  • Hundumtuu garee haayidirooksilii (-OH) heddu qabu.

Baayina sukkaara of keessaa qaban irratti hundaa’uun kaarboohaayidireetonni garee saditti hiramu. Isaanis monoosaakaraayidota (sukkaarota tokkee), daayisaakaraayidota (sukkaarota-lamee), fi poliisaakaraayidota (sukkaarota heddu)

 Sukkaarota -tokkee(Monosaccharides)

Sukkaaronni tokkeen monoomarii sukkaaraa tokko qabu. Laakkofsa atomii kaarbanii of keessaa qaban irratti hundaa’uun akka armaan gadiitti ramadamu.

  • Tiriyoosii – atomii kaarboonii 3 qaba
  • Teetiroosii –    “           “         4   “
  • Peentoosii –     “           “         5   “
  • Heksoosii –      “           “         6   “
  • Heptoosii –      “            “         7 qaba.

 Peentoosii fi heksoosiin sukkaarota-tokkee heddumminaan argamanii dha. Faayidaan sukkaarota tokkee beekamoo ta’anii akka armaan gadiitti dhihaata.

Sukkaara Tiriyoosii (C3H6O3)    Fkn. giliisaraal-aldihaadii fi daayi-haayidroksi asetoonii

         – Adeemsa fotosenteesisii fi gubama soorataa keessatti akka molokiloota giddu-galeeyyiitti tajaajilu.

Sukkaara Peentoosii (C5H10O5)      Fkn – Raayiboosii, diioksii raayiboosii, Raayibuloosii

Faayidaa

  • Oomisha asiidota niwukilikiitiif

       Fkn. “ DNA”n sukkaara diioksii Raayiboosii of keessaa qaba.

         “RNA” n sukkaara  Raayiboosii of keessaa qaba.

  • Oomisha “ATP” tiif  fkn Raayiboosii
  • Oomisha Ko’oo’inzaayimootaaf. Fkn Raayiboosiin oomisha  ko’oo’inzaayimii “NADP” jedhamuuf oola.

Sukkaara Heksoosii (C6H12O6 ): fkn Gulukoosii, Furuktoosii, Gaalaaktoosii

 Faayidaa

  • Madda anniisaati.  fkn:- Gulukoosii
  • Oomisha sukkaarota lameetiifi
  • Oomisha sukkaarota hedduutiif. Fkn:- gulukoosii

Sukkaarotni- tokkee fi sukkaaronni- lameen amaloota armaan gadii waliin qabu.

  • Molokiloota xixiqqoo dha.
  • Dhandhama mi’aawaa qabu.
  • Bishaan keessatti haalaa salphaatti bulbulamu.
  • Amala kiristaalummaa qabu (Crystaline).

Monoosaakaraayidota (sukkaarota – tokkee) keessaa qu’achuuf mijaawaa kan ta’e gulokoosii dha. Gulukoosiin akaakuu caasaa qubeelaa lama qaba. Gareen haayidiroksilii atomii kaarbanii laakkofsa -1 irraa caasaa quubeelaa gubbaa yookiin  jala ooluu ni danda’u. Gareen haayidiroksilii caasaa qubeelaa jala yoo ooltee, Gulukoosii alfaa (gulucose), gubbaa yoo ooltee immoo gulukoosii – beettaa (– gulukoos )jedhama.

                           

Fakkii 2.2 Caasaa qubeelaa gulukoosii

Hub:– Oomisha sukkaarota lamee fi sukkarota hedduu keessatti caasaan gulukoosii qooda fudhatu caasaa qubeelaati.

Sukkaarota – lamee (Disaccharides)

Sukkaaronni lameen walnyaatisa sukkaarota-tokkee lama giddutti godhamurraa uumamu. Adeemsi wal-nyaatinsa keemkaalaa kompaawundoota sasalphaa keessaa bishaan dhabamsiisuun kompaawundoota gurguddaa uumu kondanseeshiinii jedhama.

                  Fkn   C6H12O6   +C6H12O6                               C12H22O11 + H2O  

Adeemsi kompaawundoota gurguddaatti bishaan dabaluun gara sukkaarota sasalphaatti caccabsuu Hayidirooliisisii jedhama.

Hidhoon yeroo uumama sukkaar-lamee yookiin sukkaar-hedduu sukkaarota-tokkee giddutti uumamu hidhoo gilaayikoosiidikii jedhama. Sukkaara lameen beekamoo ta’an maaltoosii, laaktoosii fi sukuroosii dha.

  • Maaltoosii = gulukoosii + gulukoosii
  • Laaktoosii = gulukoosii + gaalaaktoosii
  • Sukuroosii = gulukoosii + furuktoosii

Maalltoosii = Maaltoosiin firii bullaa’insa soorata istaarchati.

                     -Istaarchiin inzaayimii amileesiin gara maaltoosiitti kan caccabuu

                     bineeldotaa fi sanyii muuta’u  keessatti.

Laaktoosii = laaktoosiin sukkaara aanan keessatti argamu. Kanaafuu sukkaara aananii

                      jedhamuun waamama.

Sukuroosii:- Sukuroosiin sukkaar-lamee uumama keessatti heddumminaan argamuu dha. Keessumattu biqiloota keessatti heddumminaan argama. Sukuroosiin gabaadhaaf shankoorarraa oomishama.

Sukkaarota- hedduuu (Polysaccharides)

Sukkaaronni heddu yuunitoota sukkaaraa yookiin sukkaarota-tokkee heddurraa adeemsa kondanseeshiniitiin uumamu. Yuunitoonni sasalphaan kompaawundoonni gurgurdaan  irraa uumaman monoomaroota kan jedhaman yemmu ta’u kompaawundoonni gurgurdaan  uumaman immoo poliimarootajedhamu.

Fakkeenya sukkaarota hedduu

  • Istaarchii
  • Seeluloosii
  • Gilaayikoojiinii fi k.k.f.

Faayidaa sukkaarota – hedduu

  • Madda nyaataa fi anniisaati.  Fkn:-Istaarchii fi Gilaayikoojiinii
  • Caasaa cichaa seelii biqilootaati. Fkn:- seeluloosii
  • Sukkaaronni heddu amaloota armaan gadii qabu.
  • Molokiloota gurgurdaa dha
  • Dhandhama mi’aawaa hin qaban
  • Bishaan keessatti hin bulbulaman yookiin xiqquma bulbulamu.
  • Amala kiristaalummaa hin qaban (non crystalliiiiine)

   Istaarchi:-Istaarchiin poliimarii gulukoosii alfaa ()ti. Madda anniisaa qaama biqilootaa keessatti kuufame argamuu dha. Bineessota keessatti garuu hin argamu. Bineeldota keessatti kompaawundii Istaarchiin walgitu Giyikoojiniiidha. Istaarchiin bifa lamaan argama. Isaanis Amiloosii fi amiloopektiinii dha. Amiloosiin birkii kan hin qabne yemmuu ta’u amiloopektiiniin immoo birkii qabeessa.

Gilaayikoojiinii:Gilaayikoojiiniin polimarii gulukoosiiti. Bineeldotaa fi fangasoota keessatti argama. Veerteebireetota keessatti gilaayikoojiiniin tiruu fi maashaalee keessatti kuufamee argama. Gilaayikoojiiniin madda anniisaati.

Seeluuloosii: Seeluuloosiin poliimarii gulukoosii beettaa ti(). Kana jechuun hidhoon gulukoosiwwan seeluuloosii uuman giddutti argaman kallattii beettaatiin. Seelluloosiin kompaawundii dachee irratti heddumminaan argamuudha. Cichaan seelii biqilootaa seeluuloosii irraa ijaarame. Seeluuloosiin orgaanizimoota kan akka baakteeriyaa fi fangasootaatiif akka madda anniisaatti ni tajaajila. Inzaayimiin seeluleesiin, Seeluloosii gara gulukoosiitti caccabsa. Inzaayimiin kun organizimoota heddu keessatti hin argamu. Kanaafuu orgaanizimmonni seeluuloosii akka madda anniisaatti itti fayyadamuu hin danda’an. Hoosiftoonni alala guuran kanneen akka loonii, hoolaa fi k.k.f. baakteeriyaa wajjiin wal-utubbiin  jiraatan. Garaacha isaanii keessaa waan qabaniif seeluuloosii bulleessuu ni danda’u.

                2.2.3. Lippiidota(Coomaa fi Zayita)

Lippiidonni akkuma kaarboohaayidireetotaa elementoota kaarboonii, hayidiroojiinii fi oksijiinii irraa ijaaraman. Haata’u malee elementoota akka salfarii(s) fi foosifarasii dabalataan qabaachuu ni danda’u. Lippiidota, kaarboohaayidireetota irra adda kan isaan godhu hammi oksijiinii isaan qaban kan kaarboohaayidireetii gad ta’uu dha. Amalli lippiidonni waliin qaban bishaan keessatti bulbulamuu dhabuu dha.

 Gosoota Lippiidotaa

  1. Faatii himbaabsawaa:- Faatiin himbaabsawaa lippiidii qaama lubbu-qabeeyyii keessatti heddumminaan argamu. Faatii asiidii fi giliisoroolii irraa uumamu.

Gilisorooliin alkoolii atomii kaarbanii sadi fi garee hayidiroksilii(-OH) sadi qabu. Faatii asiidiin immoo funca hayidirookaarboonii dheeraa dhumarraa garee kaarboksiilii (-COOH) qabu dha.

 Faatii asiidonni foorumulaa waliigalaa RCOOH qabu. “R”n funcaa hayidirookaarbooniiti. Faatii asiidonni hidhoo cimdii tokko yookiin sanaa ol atomoota kaarbanii gidduu qaban  faatii asiidii hanquu (unsaturated fatty acids) jedhamu. Sababnis hanqina atomii haayidiroojiinii waan qabaniif. Faatii asiidonni hidhoo cimdii hin qabne immoo faatii asiid guutuu (saturated fatty acid) jedhamu. Faatii asiidonni hanquun teempireechara gad-aanaa irratti baqu, yookiin qabxiin baqina faatii asiidii hanquu kan faatii asiidii guutuutii gadi.

Faatiin himbaabsawaa molkilii gilisoroolii tokkoo fi molokiloota faatiin asiidii sadi irraa uumaman tirigiliisaraayidii jedhamu.   Fkn:- Coomaa fi Zeeyita.

Coomni teempireechara dareetti (20˚C) jajjaboo yemmuu ta’u Zeeyitiin garuu dhangala’oo dha.

Hub:-Lippiidonni faatii asiidii hanquu of keessaa qaban teempireechara dareetti dhangala’oo dha. Kanneen faatii asiidii guutuu of keessaa qabaan immoo tempireechara dareetti jajjaboo dha.

   Faayidaan faatii himbaabsawaa irra caalaan anniisaa kennuu dha. Lippiidonni kaarboohaayidi- reetii caalaa anniisaa guddaa kennu. Sababnis lippiidonni, Kaarboohaayidireetii caalaa atomii hayidiroojiinii yookiin hidhoo hayidirookaarbanii (C-H bonds) heddu waan qabaniif. Bineeldonni cooma haftee qaama keessatti kuusu. Biqiloonni garuu cooma utuu hin ta’in zeeyita kuusu. Zeeyitiin kutaalee biqilootaa kanneen akka sanyii ,firii, fi kilooroopilastii keessatti kuufama. Coomni qaama keessatti yemmuu gubatu bishaan gad-lakkisu. Bineeldonni  gammoojjii kan akka Gaalaatii fi “Kangaroorat” cooma qaama isaanii keessatti olkuusu. Lubbu-qabeeyyiin kun bishaan gubama coomaatiin gad-lakkifamu kanatti gargaaramuun jiraatu. Kana jechuun bineeldonni kun cooma qaama isaanii keessatti kan kuusan akka madda anniisaatti utuu hin ta’in akka madda bishaaniiti.

b. Foosfoolippiidii

Foosfoolippiidiin lippiidii garee foosfeetii (PO43-) qabuu dha. Kan uumamu yeroo molokiliin giliiseroolii tokko molikiloota faatii asiidii lamaa fi garee foosfeetii tokko wajjiin walnyaatuu. Kana jechuun faatii asiidii tirigiliisaraayidii keessaa tokko garee foosfeetiitiin bakka bu’ama.

     Foosfoolippiidiin kutaalee lama qaba.

  1. Mataa – Garee foosfeetii qaba, bishaan jaalata.
  2. Eegee – Funca Faatii asiidii qabu  bishaan jibbaadha.

-Foosfoolippiidiin caasaa membireenii seeliitii

 c. Kaarteenooyidoota:- Halluuwwan biqilootaa bifa keelloo, burtukaanawaa, fi diimaa qabaniidha. Ifa aduu harkisuun kiloorofiiliif waan dabarsaniif gargaartota kiloorofiilii jedhamuun waamamu. Kaartenooyidiin lippiidota wajjiin kan ramadamaniif bishaan keessatti waan hin bulbulamneef.

Kaarteenooyidoota akaakuu lamatu jira. Isaanis kaarootiinii fi zantoofiiliidha.

        Fkn kaarootiinii:- – Kaarootiinii

Fkn zantoofiilii:- Fukoozuntiinii fi Zeyaazaatiinii

d. Isterooyidoota (steroids):- Istirooyidoonni lippiidota wajjiin wanti ramadamaniif akkuma cooma, zeeyita, gagaa fi foosfoolippiidii bishaan keessatti waan hin bulbulamneefi. Haata’u malee caasaan isaanii kan lippiidota biro irraa kan adda ta’e.Caasaan isaanii kan ijaarame faatii asiidii fi giliisoroolii irraa utuu hin ta’in caasaa qubeelaa afurii  walitti hidhaman irraayi. Viitaaminoonni muraasaa fi hormoononni gosa isterooyidootaati.

Faayidaa Lippiidotaa

  • Madda hoo’aa fi anniisaati.  Fkn- cooma, dhdhaa fi zeeyita.
  • Ittisoo teempireecharaati.  Fkn- cooma gogaa jalaa.
  • Kutaalee qaama keessaa lallaafoo balaarraa ittisu.  Fkn- cooma kale fi gogaa irraa
  • Caasaa membireenii seeliiti.  Fkn- Foosfoolippiidii .

Liippiidonni adeemsa bishaan of keessa baasuun (condensation) faatiiasiidii fi gilaayiserooliii  irraa uumamu.

Fakkii 2.3 Adeemsa uumama liippiidotaa

2.2.4. Pirootiinota

Pirootiinonni kaarboohaayidireetota fi lippiidota caalaa kopaawundoota walxaxaa ta’anii dha. Caasaa qaama lubbu qabeeyyii ijaaruu fi walnyaatinsa keemkaalaa heddu keessatti ga’ee guddaa qabu. Fakkeenyaaf, qabiyyeen maashaalee irra caalaan pirootiinii dha. Faayibaroonni lafee, qeensa, rifeensa, gaafa fi k.k.f.pirootiinii irraa ijaaraman. Kana malees pirootiinonni oksijiinii geejjibu ,qaamarra dhukkuba ittisuu fi akka hormoonittis ni tajaajiluu. Dabalataanis wal-nyaatinsa qaama lubbu-qabeeyyii keessatti gaggefaman si’eessu.

Pirootiinonni hundumtuu elementoota kaarbanii, hayidiroojiinii, okksijiinii fi naayitiroojiinii of keessaa qabu. Pirotiinonni heddu dabalataan elementii salfarii qabu. Elementoonni kunniin walitti hidhamuun kopaawundoota amiinoo asiidota jedhamu uumu. Amiinoo asiidonni immoo walitti hidhamanii pirootiinii uumu.

Amiinoo asiidonni garee kaarboksilii (-COOH) fi garee amiinoo (-NH2) qabu. Garee kunniin atomii kaarbanii alfaa kaarban(-C) jedhamutti hidhamu. Amiinoo asiidinni garee “R” jedhamus ni qabu. Pirootiinota keessatti amiinoo asiidota diigdamatu (20) argama. Amiinoo asiidonni hundumtuu garee kaarboksilii(COOH), garee amiinoonoo (-NH2)fi kaarbanii alfaa qabaachuun kan wal fakkaatan yemmuu ta’u, amiinoo asiidii tokko kan biraa irraa adda kan godhu garee “R” ti.

Uumama pirootiinii keessatti  amiinoo asiidonni  kan walitti hidhaman hidhoo peptaayidiitiin. Amiinoo asiidonni heddu hidhoo peptaayidiitiin walitti hidhamanii fuunca poliipeptaayidii uumu.

Pirootiinii tokko pirootiinii biroo irraa adda kan godhu baay’ina amiinoo asiidota of keessaa qabuu, akaakuwwan amiinoo asiidota irraa ijaaramee fi tartiba amiinoo asiidotaati.

                               Fakkii 2.4  Caasaa amiinoo asiidii

Ramaddii Pirootiinii

Faayidaa isaanii irratti hundaa’uun pirootiinonni bakka lamatti hiramu. Isaanis:-

a/ Pirootiinii Faayibirasii/Pirootiin caasaa. Funca diriiraa kan qaban yemmuu ta’u,

      caasaa kutaalee qaamaa ijaaruuf fayyadu.

  Fkn. –Keraatiinii:-Pirootiinii caasaa rifeensa, qeensa, baallee fi gaafa ijaaruuf fayyaduudha.          

          – Kollaajiinii :- Caasaa gogaa, ribuu, ligaamentii fi lafee ijaara.

          – Mayoosiinii:- maashaalee keessatti argama.

b/ Pirootiinii Giloobulaarii(Pirootiinii dalagaa)

Funcaa maramaa fi walkeessa dadacha’e kan qaban yemmuu ta’u qaama lubbu-qabeeyyii keessatti dalagaa garagaraa hojjatu.

           Fkn:- Inzaayimoota

  • Hormoonota
  • Hemogiloobiinii
  • Farroota qaama alagaa
  • Pirootiinota pilaazmaa fi k.k.f.

         Caasaa pirootiinii

Pooliipeeptaayidiin pirootiinota boca mataa isaanii ta’e qabu. Pirootiniin tokko boca adda ta’e kan qabaatu sababa caasaa sadarkaa gargarii keessatti argamaniif caasaawwan pirootiinii keessatti mul’atan sadarkaa afuritti qoodamanii ibsamu.

Caasaa Pirootinii Jalqabaa

Funcaa pooliipeetaayidii keessatti walduraa duubaan toora galuun amiinoo asiidotaa caasaa pirootinii jalqabaa uuma. Caasaan pirootinii jalqabaa kan murtaa’u jiinii DNA irratti argamuuni.

Egaa caasaan pirootiinii jalqabaa kan agarsiisu tartiiba fi baay’ina amiinoo asiidota pooliipeeptaayidii tokko keessatti argamanii ti. Seenaa saayinsii keessatti tartiibaa fi baay’ina amiinoo asiidota pooliipeeptaayidii tokko keessa jiru ibsuu kan danda’ame bara 1951tti.

Namni yeroo jalqabaaf tartiibaa fi baay’ina amiinoo asiidota pirootiinii insuliinii hojjate agarsiise Fireediriik saangar jedhama.

Caaasaa Pirootinii Lammaffaa

Haala Pooliipeeptaayidiin tokko itti dabu,micciiramuu ykn dacha’uundhaan boca garagaraa qabaatu caasaa pirootiinii isa lammaffaa jedhama.

Caasaan pirootiinii lammaffaan beekamoo ta’an

i) Heliksii

ii) – baaqqee

  1. Heeliksii sadee (triple helix)

   Heliksii

Bocni caasaa kanaa kan eegamu hidhoo haayidiroojiniitiin. Hidhoowwan haayidiroojinii kan uumamu H gartuu NH amiinoo asiidii tokko irra jiruu fi O gartuu CO amiinoo asidii kan jalqaba irraa afraffaa irratti siqee argamu wajjiini

Baaqqee

Caasaan pirootiinii  – Baaqqee pooliipeeptaayidii lama qaba. Pooliipeeptaayidiiwwan kan walitti qabaman hidhoo haayidiroojiiniitiin. Hidhoon haayidiroojiinii kan uumamu garee CO pooliipeeptaayidii tokko irra jiruu fi garee NH2 poliipeeptaayidii lammaffaa irra jiru gidduutti. Akkasumas CO fi NH2 pooliipeeptaayidii tokkorraa jiran giddutti ni uumama. Kanaafu caasaan kun cimaa fi salphaatti kan hin jijjiiramne ta’ee mul’ata.

Caasaa Pirootinii sadaffaa

Funcaan pooliipeeptaayidii haala inni itti dadacha’e walkeessa maramu caasaa pirootiinii isa sadaffaa jedhama. Caasaa kanaaf murteessoo kanneen ta’an.

  1. Hidhoo ayoonikii – Garee R chaarjii ta’an lama giddutti kan uumamanii dha.
  2. Hidhoo haayidiroojiinii – garee CO fi NH2 gidduu,akkasumas garee R lama giddutti ni uumama.
  3. Hidhoo daayisalfaayidii.
  4. Jibbinsa bishaanii (hydrophobic interaction) – Amiinoo asiidotni garee “R” isaanii poolarii ta’e gara bishaaniitti yoo garagalan. Kan “R”n isaanii haayidiroofoobikii ta’e immoo bishaan irraa baqachuun gara keessaatti garagalanii taa’u.

Caasaa pirootinii afraffaa

Caasaan pirootinii sadarkaa afraffaa kan agarsiisu haala pooliipeeptaayidii lamaa fi isaa ol jiran walkeessa seenuun boca pirootinii murtaa’aa ta’e tokko itti uumanii dha. Fkn. Heemoogilobiniin caasaa pirootinii sadarkaa afraffaa qaba, innis kan uumamu yemmuu sansalatni pooliipeptaayidii lama fi – lama walkeessa seenanii taa’anii dha.

2.2.5. Asiidota Niwukilikii

Asiidonni niwukilikii kompawundoota orgaanikii lubbu-qabeeyyii hundaaf baay’ee barbaachisaa ta’anii dha. Wantoonni dhaala sanyii yookiin jiinii asiidota niwukilikii irraa ijaaraman. Asiidonni niwukilikii ergamtoota odeefannoo jiinota niwukilasii keessaa irraa gara kutaalee seelii hafanitti dabarsanii dha.

Akkuma kaarboohaayidireetotaa fi pirootiinotaa, asiidonni niwukilikii poliimaroota. Yuunitota sasalphaa (monoomaroota) niwukilootaayidii jedhaman irraa ijaaraman. Asiidonni niwukilikii niwukilootaayidota heddurraa kan ijaaraman waan ta’aniif poliiniwukilootaayidota jedhamu. Niwukilootaayidoonni mataan isaanii ruqoolee xixiqqoo sadi irraa ijaaraman.

Isaanis:-

  • Sukkaara peentoosii (abbaa karbanii shanii)
  • Garee foosfeetii (PO43-) fi
  • Beezota orgaanikaa naayitiroojiinii of keessa qabanii dha.

Garee foosfeetii fi beezoinni orgaanikaa sukkaara peentoosiitti hidhamuun niwukilootaayidii uumu. Asiidota niwukilikii akaaku lamatu jira.
Dioksiiraayiboo niwukilik asiidii (DNA)

“DNA”n niwukilootaayidota garagaraa afur irraa ijaarama. Tokkoon tokkoo niwukilootaayidota “DNA” ijaaranii:-

  1. Sukkaara peentoosii Dii’oksiiraayiboosii jedhamu,
  2. Garee foosfeetii fi
  3. Beezota orgaanikaa Adiniinii, (A) Guwaaniinii,(G) Tayaamiinii (T) fi Saayitoosiinii(C) keessaa tokkorraa ijaaraman. Kanaafuu niwukilootaayidota “DNA” ijaaran afran kan gargar baasuu beezii orgaanikaati.
  4. Adiniinii (A) fi Guwaaniin (G) Caasaa qubeela dacha ta’e kan qaban yemmuu ta’u puuriinii (Purines) jedhamu.
  5. Tayaamiinii fi Saayitoosiiniin immoo caasaa qubeelaa qeenxee qaba. Isaanii paayirimidiinii (pyrimidines) jedhamu.

Niwukilootaayidota “DNA” ijaaran keessatti sukkaarri niwukilootaayidii tokkoo, garee foosfeetii niwukilootaayidii itti aanuu wajjiin tartibaan walitti hidhamuun fufnca dheeraa niwukilaataayidotaa uumu.  “DNA”n funca niwukilootaayidotaa dheeraa ta’an lammarraa ijaarame. Funcoonni lamaan DNA uuman beezii naayiriroojiinaatiin walitti hidhaman. Haalli beezonni naayitiroojiinawaa (orgaanikii) “DNA” keessatti hidhoo itti uuman murtaa’adha. Kana jechuun Adiniiniin fi Tayaaminiin yeroo hundaa wajjiin hidhoo kan uuman yemmuu ta’u (A-T), Guwaaniinii fi Saayitoosiin immoo yeroo hundaa walitti hidhamu, (G-C).

Walumaagalatti molokilii “DNA” keessatti baay’inni beezota A fi T, wal-qixa, kan G fi C walqixa. Akkasumas reeshoon AfiT(A/T), wal-qixa yemmuu ta’u   Guwaaniinii fi Saayitoosiiniillee (G/C) wal-qixa. kun kan ta’u lubbu qabeeyyii sanyii tokkoo keessatti yemmuu ta’u lubbu-qabeeyyii sanyii garagaraa keessatti garuu garaagarummaa qaba..

        B. Raayibooniwukilik asiidii (RNA)

“RNA”ngosa asiidii niwukilikii isa lammafaati. “DNA”n amala lubbu-qabeeyyii kan to’atuu fi kan murteessu ajaja kara “RNA” tiin erguudhaan. Kana jechuun “RNA”n odeeffannoo DNA irraa dabru baatuu fi hiika itti ikennuudha. DNA fi “RNA”n garaagarum- maa armaan gadii qabu.

  • Molokilii”RNA” funcaa niwukilootaayidii qeenxee qaba. Kan“DNA”n garuu dachaa dha.
  • Sukkaarri RNA keessaa Raayiboosii yoo ta’u kan DNA keessaa Dii’oksiiraayiboosii dha.
  • Beezonni  orgaanikaa DNA keessaa A,G,C fi T dha. Kan RNA keessaa immoo A, G,C fi Yuraasilii(U) dha. Kana jechuun Tayaamiiniin DNA keessaa RNA keessatti Yuraasiiliin bakka bu’ama.
  • “DNA”n ofii baay’achuu kan danda’u yemmuu ta’u RNA ofii baay’achuu hindanda’u, DNA irratti hojjatama.
  • “DNA” dhaala sanyii too’ata, “RNA” n immoo pirootiinii oomisha.
  • RNA akaakuu saditu jira.
  • “RNA” ergamtuu(mRNA):- ajaja DNA irraa fuudhee gare raayiboosoomitti geessa. Raayiboosoomiin bakka pirootiiniin itti oomishamu.
  • “RNA” raayiboosoomii (rRNA):- qabiyyee caasaa raayiboosoomiiti. Pirootiinii wajjiin ta’uun raayiboosoomii uumu.
  • RNA dabarsituu (tRNA) :- amiinoo asiidota oomisha pirootiiniif oolan saayitoopilaazimii keessaa funaanuun gara raayiboosoomiitti geessa.

 2.2.6.  Qor-nyaata

A. Qor-istaarchii

Istaarchiin of keessaa molokiwulota shukkaaraa hedduu haala qindoomina qabuun wal-fudhatanii  baay’ee xaaxoo ta’an qabu. Kanaafuu, amaloota shukkaaraa irraa adda ta’e ni qabu.

Fkn:-istaarchiin mi’aawaa miti.Bishaaniinis salphaatti hin bulbulamu. Yaaliin armaan gadii kun soorata keessa jiraachuu istaarchii nuuf ibsa.

 Meeshaalee itti yaalichi hojjetamu

Bulbula daakuu istaarchii, daabboo, bulbula ayoodinaa fi ujummoo yaaliiti.

Akkaataa itti yaalichi hojjetamu

1.Bulbula daakuu istaarchii ujummoo yaaliitti naqaa.

2. Bulbula ayoodinaa ykn pootasiyam-ayoodaayidii ujummoo yaalichaatti naqaa.

3. Jijjiirama halluu mul’ate ykn agartan galmeessaa.

4.Yaalii kana irraa maal hubattu?

5. Yaalii kana bakka bulbula daakuu istaarchii daabboo ykn buddeena fudhaatii yaalicha irra deebi’uun dalagaa.

6. Mooseen yaalicha yoo irra deebitaniidalagdan jijjiirama halluu wal-fakkaatu ni argituu?

7. Jijjiirama halluu wal-fakkaatu yoo agartan ta’e maaliif wal-fakkaate?

B. Qor-cooma

Tempereechera manaa irratti hundaa’uudhaan zayitiinii fi coomni faalkaa dhangala’oof jajjaboon argama. Coomni akkuma kaarboohaayidireetii elementoota haayidiroojiinii, kaarboonii fioksijiinii of keessaa qabaatanillee bocni ykn caasaan molokiwulta isaanii garaagara.     

Kanaafuu, coomnii fi kaarboohaayidireetiin amaloota keemikaalawaa garaagaraa qabu. Amala faatiin qabu beekuudhaaf  yaalii  kanaa gadii hojjedhaa.

C. Qor-coba zayitaa

1.Quba harkaan zayitii tuquun, waraqaa qulqulluu xuqaa. Gama kaaniin immoo bishaan xiqqoo waraqaa kana irratti cobsaa. Warqicha daqiiqaa kudhaniif aduu keessatti gogsaa.

2.Waraqicha ol kaasuudhaan ifa aduu keessatti ilaalaa.

3.Waraqicha yoo ilaaltan maal hubattu? Waraqichi ifa ni dabarsaa ykn waraqicha keessaan ifa ni argituu?

4.Erga gogee booda waraqaa kanaan fayyadamuudhaan fakkii tokko tokko kitaaba irraa kaasuu yaalaa.

5. Fakkiin kun kitaaba irraa waraqaa keessaan sirriitti ni mul’ata. Kun maaliif ta’e isinitti fakkaata? Garaagarummaan waraqaa quba harka zayitiin tuqamee fi bishaan xiqqoo itti cophee maali?

D.  Qor-itaanoolii(Qor-imalshinii)

Bishaanii fi zayitiin yoo walitti makaman, bulbula bifa tokkoo hin uuman.bulbula boora’ee fi dhoqonaa’aa kennu. Bulbulli akkanaa kun immaalshinii jedhama. Kana hubachuuf yaalii itti aanu hojjedhaa.

Meeshaalee yaalicha hojjechuuf barbaachisan

Cuunfaa qobboo, talbaa, nuugii,dhadhaa,ujummoo yaaliiwwanii, itaanoolii(alkoolii) fi bishaan.

Akkaataa itti yaalichi dalagamu

  a.Nyaata zayitaa kanniin akka cuunfaaqobboo, talbaa, nuugii, dhadhaa, ujummoo yaaliitti naqaa.

b.kanaan booda itaanoolii qabee 3sm3 ujummoo yaaliitti naqaa.

c. Ujummoo yaalichaa sirriitti sochoosaa.

d. Yeroo gabaabaadhaaf lafaa kaa’aa.

e. Itti aansuun suuta jedhaatii ujummicha irraa bulbula itaanoolii ol hafe, gara ujummoo yaalii kan birootti  calalaa.

f. Bishaan qabbanaa’aa qabee 2sm3 gara bulbula itaanoolii calalamee hafetti naqaa.

g. Yaalii kana irraa maal agartani? Waan agartan galmeessaa.

  E.  Qor-pirootinii

   a.Qor-biyuureetii – biyuureet ri’eejantiin bulbula soodiyam haayidirooksaayidii fi bulbula kooppaarsalfeetii kan qabatedha.

Yaalii kana dalaguudhaaf meeshaalee fi keemikaalli barbaachisan, aannaan, ujummoolee yaalii, bulbula soodiyam-haayidrooksiidii, daangulee fi koopparsalfeetii dha.

Tartiiba itti yaalichi hojjetamu

    a.Aannan ujummoo yaaliitti naqaa.

   b. Bulbula soodiyam-haayidrooksidii qabee 2sm3 fi kooparsalfeetii qabee 1smyookiin copha tokko  ujummicha irratti naqaa.

c. Itti aansuun ujummoo yaalichaa sirriitti sochoosaa. Halluun biyuureetii gara halluu kamiitti jijjiirame?

d. Yaalii kana bakka aannanii bulbula baaqelaa fudhaatii,yaalicha irra deebi’aa hojjedhaa.

e. Jijjiirama maal agartan? Jijjiiramni agartan isa jalqabaa irraa garaagarummaa qabaa?

f. Yaalii kana irraa maal hubattu?

– Firii yaalichaa jijjiiramni halluu biyuureetii gara daanguleetti yoo jijjiirame pirootina qabaachuu agarsiisa.

  • Amma immoo bakka qor-biyuureetii ri’eejantii- mileenaan dalagaa.

ri’eejantii- mileenaan maka kompaawundoota meerkurii of keessaa qabu dha.Innis nyaanni pirootinii yoo of keessaa qabaate halluu mileenaa gara diimaatti geeddara. Kana dhugoomsuuf yaalii itti aanu dalagaa.

Wantoota yaalichaaf barbaachisan

Hanqaaquu,ujummoo yaalii, ri’eejantii Mileenaa, bishaan, biikarii, kuraasii yookiin dungoo dha.

 Fakkeenyaaf:-  Pirootinii gara amiinoo asiidiitti geeddarama.

                        -Istaarchiin bullaa’e guluukoosiitti jijjiirama.

                       – Faatiin gara gilaayisaroolii fi faatii asiidiitti jijjiirama.

Kompaawundoonni  xixiqqoon kun salphaatti bishaaniin bulbulamanii dhiigaan geejjibamuun gara qaamota nafa keenyaa dhaqqabu.

Egaa, bullaa’uu nyaataa jechuun adeemsa nyaanni guguddoonnii fi wal-xaxoon karaa makaanikaalaawaa fi keemikaalawaa caccabanii bullaa’uun gara kompaawundoota xixiqqoo fi salphaa bishaaniin bulbulamaniitti jijjiiramuu jechuudha.

Gaaffii:- Garaagarummaan bullaa’uu makaanikaalawaa fi bullaa’uu keemikaalawaa maali?

BOQONNAA 3

Inzaayimoota

Kaayyoo

Dhumaa boqonnaa kanaa booda barattoonni:

  • Haala uumama inzaayimoota ni hubatu
  • Faayidalee inzaayimoota ni beeku
  • Qabattoota dalagaa inzaayemii irratti dhibbaa fidaan ni hubatu.

3.1.Uumama  Inzaayimootaa

Inzaayimootni si’eessitoota(kaataalistii) baayoloojikaalawaati.Seelota  keessatti  walnyaatinsa keemikaalawaa adda addaa si’eessuuf kan gargaaranidha. Inzaayimootni walnyaatinsa keemikaalawaa harka 106-1012 dabaluu  dabaluu danda’u. Inzaayimoottni yeroo duraaf kan argaman seelii raacatii keessaa bara 1900 nama  “Buchner”  jedhamuun yammuu ta’u maqaan inzaayimii  jedhuu “raacatii keessa” jechuudha. Kana jechuun inzaayimiin yeroo duraaf raacatii keessaa kan argame ta’uu isaa nutti  hima.   Inzaayimootni walnyaatinsa keemikaalawaa Kanneen akka reespaayireeshnii,footoosinteesisi,bullaa’insa soorataa fi kkf si’eessuuf kan gargaaranidha.

Molekiyuulotnii Inzaayimootaa maalfakkaatu?

  • Inzaayimootni hundi isaanii pirootinii boca kubbaa fakkatu (globular) kan qabanidha.
  • Caasaa inzaayimii baay’ee walxaxaa ta’e keessaa iddoon bakka  si’ataa(active site) jedhamu jira.Iddoon kun molekiyuulii inzaayimii keessaa bakka sabistireetiin itti maxxanee walnyaatinsi keemikaalawaa  inzaayimiidhaan si’eessamudha.

Fakkii 3.1 Bakka si’ataa inzaayimii

Bakkii si’ataaninzaayimii kanneen armaan gadii  mijataa akka ta’aniif kan bocaa’edha:

  • Sabistireetiin murtaawwaa fi sabistireetin kuni qofti akka itti maxxanuu  kan gagaaru.
  • Sabistireetii akka walnyaatinsa keemikaalawaa yammuu inzaayimii hinjirre caalaa  anniisaa  xiqqaa ta’een  raawwtu  kan ofitti maxxansudha.Fakeenyaaf mee inzaayimii sukreez(sucrase) jedhamu kan addaan bahinsa sukroozii gara firuuktoosii fi giluukoosiitti  si’eessu fudhannee haa ilaalluu. Sabistireetiin inzaayimii kanaa molekiyuulii sukroosiiti. Molekiyuuliin kun bakki si’ataa inzaayimii kanaatti maxxanuun walxaxaa(complex) inzaayim- sabistireeti uuma.Yeroo kanatti molekiyuuliin bishaanii sukroosii waliin walnyaachuun gara firuuktoosii fi giluukoosiitti addaan isa diiga. Bakki si’ataan kunis  molekiyuulii sukroosii gara biraa ofitti maxxansuudhaa’aan walnyaatinsa keemikaalawaa  walfakktu biroo gaggeessa. Asirratti wanti hubatamuu qabu yoo jiraate inzaayimiin qaama walnyaatinsa keemikaalawaa  kan hintaanee fi dhuma walnyaatinsa keemikaalawaa irratti kan hinjijjiiramne  ta’uu isaaati.

Fakkii 3.2 addaan ba’insa sukroosii gara firuuktoosii fi giluukoosii

  • Inzaayimootni pirootinoota boca kubbaa fakkaatu kan qabanii, bakki si’ataa haala adda ta’een became kan qabanidha.
  • Inzaayimootni si’eessitoota baayoloojikaalawaa walnyaatinsa keemikaalawaa  murtaawaa

t a’anii : garuu  kan dhuma walnyaatinsa keemikaalawaa  irratti  osoo hinjijjiiramiin hafandha.

3.1.1. Amaloota Inzaayimootaa

  • Hundi isaanii pirootinootadha.
  • Si’eessitoota baayoloojikaalawaati.Ofii isaanii walnyaatinsa keemikaalawaa keessatti qooda osoo hinfudhatiin saffisa walnyaatinsaa  kandabalanidha.Kanaafuu inzaayimiin tokkichii irra deddeebbiin  si’eessummaaf  fayyada.
  • Inzaayimootni si’eessitoota murtaawoodha(specific). Isaan kan si’eessan walnyaatinsa keemikaalawaa  tokko qofaadha.
  • Inzaayimootni muraasni jijjiiramni keemikaalawaa Sabistireetii baay’ee irratti akka raawwatu taasisu.
  • Inzaayimoota irratti “PH” fi teempireechariin  dhiibbaa irran gahuu danda’a.Ho’i garmalee inzaayimii balleessuu ni danda’a.Akkasums cunqoon sabistireetota isaanii fi jiraachuun ittistootaa(inhibitors) inzaayimoota irratti dhiibbaa ni qabaatu.

3.1.2. Maqaan Inzaayimootaa Akamiin  Moggaafama?

Inzaayimootni adda  addaa karaa adda addaa mmaqaan itti moggaafama.

  • Yeroo baay’ee inzaayimootni maqaa Sabistireetii isaanii irratti “ase” ida’uun moggaafamu.

             Fakkeenya: ”lipase”n maqaa inzaaymii   lippiidota caccabsuuf gargaarudha.

                                           “Sucrase”n maqaa inzaaymii    sukroosii caccabsuuf  gargaarudha.

  • Takka takka inzaayimootni walnyaatinsa keemikaalawaa si’eessan  bu’uura godhachuun  moggaafamu.

            Fakkeenya: Pooliimareezii n maqaa inzaaymii    uunitoota  walfakkaatan  walqabsiisuuti.

                        Diihaayidiroojineesiin maqaa inzaaymii   atoomii ykn ayoonii  haayidiroojiinii                                                                                dhabamsiisuuf gargaaruuti.

  • Inzaayimootni muraasni madda yeroo duraaf irraa argamanii bu’uureffachuun  moggaafamu.

         Fakkenyaa: “papayin”n  inzaaymii yeroo duraaf paappaayyaa irraa argamedha.

  • Inzaayimootni biroon ammo bakka si’eessummaan isaanii itti raawwatu bu’uureffachuun moggaafamu.

                 Fakkeenya:”intestinal protease” n maqaa inzaaymii   pirootinoota mar’imaaniirratti dalganiiti.Sababa adda addummaa  moggaasa inzaayimootaa irraa kan ka’e baayoloojistootni komishinii inzaaymii   irra jiran moggaasa inzaaymii    siistemaatikalaawaa ta’e kan gosa si’eessummaa isaanii bu’uureffate qopheessuuf waliigalaniiru.Moggaasa maqaa inzaayimootaa  kana  hubachuuf  qoodaminsa inzaaymootaa ilaaluun barbaachisaadha.

3.1.3. Ramaddii Inzaayimootaa

Akka waliigalaatti inzaayimootni gosa walnyaatinsa keemikaalawaa si’eessan irratti  hundaa’uun ramadamu.Haaluma kanaan inzaayimootni gitoota jaha kanneen armaangadiitti goseessmu.

Gabatee 3.1 ramaddii Inzaayimootaa

Gitaa inzaaymii walnyaatinsa keemikaalawaa si’eessaniFakkenya
1.Oksiidoo ridaakteezCeesisa haayidiroojinii/oksijinii ykn elektiroonota Sabistireetii tokko irra  gara isa biroottiDihaayidiroojineezis Oksideezis
2.TiransfereezisCeesisa garee maa’ii baastota murtaawaa (foosfeetii ykn metaayilii fi kkf) Sabistireetii tokko irraa gara isa birootti.Tiraansamineez Kaayineezis
3.HaayidirooleezisBishaaniin caccabuu SabistireetiiIstereezis Inzaayimoota bullaa’insa soorataa
4.AyisoomereezisJijjiirama foormii SabistireetiiFoosfooheksooayisoomereez Fumareez
5.LiyaazesSabistireetotatti   ida’uu ykn irraa adda baasuu garee maa’ii baastotaa kan haayidiroolytikii hintaaneDikaarbookzileezis Aldooleezis
6.Ligeezis(sinteesisii)Molekiyuulota hidhoo haraa uumuun walqabsiisuuSitiriikasiid sinteez

3.2.Dalgaa Inzaayimootaa

3.2.1. Inzaayimootaa fi Anniisaa Si’eessaa

Si’eessitootni saffisa walnyaatinsa  keemikaalawaa   nidabalu. Molekiyuulotni walnyaatinsa keemikaalawaa gaggeessuuf  anniisaa   gahaa ta’e qabachuun  dirqamadha.Anniisaan kan walnyaatinsi keemikaalawaa   akka eegalu barbaachisu kuni anniisaa si’eessaa (activation energy) jedhama.

Mee walnyaatinsa keemikaalawaa   wanta  A fi B gidduutti  raawwachuun firii  AB  nuuf laatu  fudhannee haa ilaallu.

            A+B                               AB .Walqixxaatotni  keemikaalaa kun seenaa waliigalaa walnyaatinsa keemikaalawaa   A fi B   gidduutti  uumamee firii AB nuuf late   nutti hin agarsiisu. Walqixxaatotni  keemikaalaa kuni  kan nutti agarsiisu walnyaattota (reactants) fi firii (products) qofaadha. Waa’ee jijjiirama anniisaa adeemsa kana keessaati raawwate  waan nuuf  ibsu hinqabu.

Fakkii 3.3 Anniisaa si’eessaa  yeroo si’eessitooni jiranii fi hinjirree

Akkaataa inzaayimootni walnyaatinsa keemikaalawaa  si’eessani fakkii armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama.

  • Yammuu si’eessaan (inzaaymiin) jiru  firiin (AB)uumamuuf  yeroo gababaa barbaada.
  • Hammii anniisaa si’eessaa ni xiqqata.

Walnyaatinsa keemikaalawaa  firiin  wlnyaattota  caalaa anniisaa gadianaa qabu keessatti,  sabistireetiin umamumaan gara firiitti jijjiirama.  Osoo gara firiitti hinjijjiiramiin dura walnyaattotni anniisaa  ittisaa (barrier energy) moo’achuuf dirqama qabu.Anniisaan ittsaa kunis anniisaa si’eessituu jedhama.Yoo anniisaan si’eessituu kuni  guddaa ta’e , saffisni walnyaatinsaa  ni xiqqaata.Sababni isaas molekiyuulii sabistireetii baay’ee muraasa ta’anitu anniisaa gahaa anniisaa si’eessaa caalu qabaata.

Walnyaatinsi keemikaalawaa  baayoloojikalawaa baay’een isaanii anniisaa si’eessaa guddaa qabu. Kanaafuu si’eessummaa inzaayimiin alatti  walnyyaatinsi kun yeroo baay’ee dheeraa ta’e fudhachuu  danda’a. Inzaayimootni anniisaa si’eessaa walnyaatinsa keemikaalawaa xiqqeessuun,anniisaan kaayineetikii (kinetic energy)  molekiyuulota sabistireetii hedduun anniisaa si’eessaa Walnyaatinsa keemikaalawaaf barbaachisuu ol akka ta’u gargaara.

Fakkeenyaaf: Walnyaatinsa keemikaalawaa  2H2O2                                               2H2o + O2 fudhannee haa ilaallu.Osoo si’eessituun hinjiraatiin hammi anniisaa si’eessaa  861kJ/mol yammuu ta’u, bakka si’eessituun inorgaanikaa jirutti immoo anniisaan si’eessaa 62KJ/mol kan  ta’uu fi yammuu si’eessituun inzaayimii jiru immoo  anniisaan si’eessaa 1KJ/mol qofa ta’a.

3.2.2. Inzaayimootni Akkamiin Anniisaa Si’eessaa Xiqqeessu?

Gaheen si’eessitootaa hamma anniisaa si’eessaa  Walnyaatinsa keemikaalawaa  gaggeessuuf barbaachisu xiqqeessuudha.Yoo hammii anniisaa si’eessaa  xiqqaate molekiyuulotni  walnyattotaa hamma anniisaa isa xiqqaa Walnyaatinsa keemikaalawaaf barbaachisu argachuudhaan walnyaatinsi barbaadamu gaggeessuudhaan firii yeroo gabaabaa keessatti uumuu danda’u. Akkaataa inzaayimootni itti dalgan  kanneen ibsan modelootni lama jiru. Isaanis:

A.Gochaa inzaayimii moodelii “Lock and key”

B. Gochaa inzaayimii moodelii “ Induced fit” ti.

Moodelootni lammeen kun  inzaayimootni kan isaan Walnyaatinsa keemikaalawaa   saffisiisani hamma anniisaa si’eessaa barbaachisu xiqqeessuudhan akka ta’e ibsu.Garuu akkaataa itti si’eessitootni  hamma anniisaa si’eessaa itti hir’isan irratti moodelootni lammeen kun adda addummaa agarsiisu.Adda addummaan isaanii inni guddaan  ibsa  haala sabistireetiin bakka si’ataa inzaayimiitti  ittiin maxxanu irrattidha.

A.Gochaa inzaayimii moodelii “Lock and key”

Akka moodelii kanaatti molekiyuulotni  sabistireetii komplimenterii  bakka si’ataa inzaayimiiti.Bocni molekiyuulii sabistireetii akka boca furtuutti  kan ilaalamu yammuu ta’u bocni qulfii immoo akka akka boca bakka si’ataa inzaayimiitti fudhchuun ibsuu ni danda’ama.Akkuma  furtuun qulfii isaa malee hinbannee , sabistireetiin inzaayimiis  akkassuma bocni molekiyuulii isaa inzaayimii isaan ala itti  maxxanuu(seenuu) hin danda’u.Kanaafuu sabistireetiin tokko inzaayimii itti komplimenterii  ta’een alatti  bakka si’ataa  inzaayimii seenuu waan hindandeenyeef  Walnyaatinsa keemikaalawaa   gaggeessuu hin danda’u.Gabaabumatti manni qollofame tokko kan banamuu dand’uu furtuu manichii ittiin qollaffameenidha. Isa kana (banamuu mana qollofamee) akka walnyaatinsa  keemikaalawaatti fudhachuun ni danda’ama. Akkasuma sabistireetiin tokko inzaayimiidhaan si’eessamuuf bocni isaa bakka si’ataa inzaayimii seenuu akka danda’utti kan bocame ta’uu qaba.

 Molekiyuuliin sabistireetii komplimenterii ta’e  bakka si’ataa  inzaayimiitti maxxnuun (seenuun) walxaxaa (complex) inzaayimii- sabistireetii uuma. Walxaxinsi uumame kunis walnyaattotni akka sadrkaa cee’insaa (transition state) kan anniisaan si’eessaa  xiqqa ta’e irra gahan isaan dandeessisa.Kana booda Walnyaatinsi keemikaalawaa   raawwachuu firiin uumame  bakka si’ataa inzaayimii  irraa gadi lakkifama.

Gochaan modeela ‘’Lock and key’’ akka jedhutti inzaayimiin kan anniisaan si’eessaa    xiqqeessuu danda’u  filannoo karaa Walnyaatinsi keemikaalawaa   biro hordofuudhaanidha (alternative path way).

Fakkeenyaaf : Karaa walnyaatinsaa hinsi’eessamne:

   Walnyaataa A + Walnyaataa B                              firii AB

Karaa walnyaatinsaa  inzaayimiidhaan si’eessame:

   Walnyaataa A + Walnyaataa B  + inzaayimii           cee’umsa                      firii AB +inzaayimii

Modeeliin kun sadarkaa walxaxaa inzaayimii- sabistireetii akka sadarkaa cee’umsaa fi qaama karaa haaraa kan ta’ee fi karaa walnyaatinsaa hin si’eessamiin caalaa annisaa xiqqaa qofaa akka barbaadutti ibsa.Hanqinni gocha inzaayimii moodela kanaa  sadarkaan cee’umsaa  akkamiin anniisaan si’eessaa   akka hir’isu ibsuu hindanda’u.

Fakkkii 3.4. Gochaa inzaayimii moodelii “Lock and key”

B. Gochaa inzaayimii moodelii “ Induced fit”

Akka moodeelii kanaatti bakka si’ataa inzaayimii   fi sabistireetii uumamaan waliif komplimenterii miti; garuu yammuu inzaayimiin sabistireetiitti maxxanu inzaayimiin jijjiirama  sirreeffamaa(conformational) bakka si’ataa irrattii taasisa.Jijjiiramni sirreeffamaa bakka si’ataa inzaayimii   irratti taasifame kun immoo sabistireetii fi bakka si’ataa inzaayimii  guutummaa guutuutti akka walitti maxxanan isaan dandeessisa.Dabalataanis Jijjiiramni bocaa bakka si’ataa inzaayimii   walnyaattota irratti dhiibbaa taasisuun akka sadrkaa cee’umsaa irra gahanii  walnyaatinsi  raawwatan isaan taasisa.

Sadarkaa cee’umsaa irratti hidhoon  keemikalaa walnyaattota muddama (strain)  jala waan jiraniif haala salphaadhaan  cabee hidhoo  keemikalaa haaraatiin walqabachuudhaan firiin akka uumamu taasisa. Baayiloojistootni baay’een yeroo ammaa gochaa inzaayimii moodelii “Lock and key” caalaa gochaa inzaayimii “ Induced fit”  deeggaru. Sabani isaas  gochaan inzaayimii  “ Induced fit”   amloota inzaayimii  biro kanneen akka ittisa inzaayimii (enzyme inhibition) karaa bay’ee guutuu ta’een  ibsuu waan danda’uufi.

Fakkii  3.5 Gochaa inzaayimii moodelii “ Induced fit”

Saffisni Walnyaatinsa  keemikaalawaa   saffisa ittiin walnyaattotni  gara firiitti jijjiiramanidha. Walnyaatinsa keemikaalawaa  inzaayimiidhaan si’eessamu keesstti saffisni kun  kan hundaa’u  lakkoosa molekiyuulii sabistireetiitti inzaayimiitti maxxanuudhaan sadarkaa cee’umsaa irra gahan irrattidha. Lakkoofsi molekiyuulii walnyaattota  kanneen tokkoon tokkoo molekiyuulii inzaayimii waliin sekoondii tokko keessatti walxaxaa inzaayimii-sabistireetii  uumani “turnover rate”jedhama.

3.2.3.Appoo inzaayimii fi Koo inzaayimii

Inzaayimootni tokko tokkoo guutummaa guutuudhaan kan pirootinii irraa tolfaman yammuu ta’an  inzaayimootni kanneen biron immoo  mulekiyuulota adda adda lama irraa kan uumamanidha.Tokkoon tokkoo molekiyuulotaa inzaayimiin irraa uumame kunis  appoo inzaayimii fi koofaakterii jedhamu.

Appoo inzaayimii- kun pirootinii koofaakteriitti dabalmuun inzaayimii si’ataa (active enzyme) uumudha.Osoo koofaakteriin kun hinjiraatiin appoo inzaayimiin kun inzaayimii ta’uu hindanda’u ykn immoo walnyaatinsa keemikaalawaa    si’eessuu hindanda’u. Akkasumas koofaakteriinis qofaa isaatti  ofdanda’uudhaan inzaayimii ta’uu hindanda’u.

Koofaakterii-Paartikilii pirootinaawaa hintaane, kan baay’ee xiqqaa ta’e;garuu  kan dalgaa inzaayimoota tokko tokkoof baay’ee barbaachisaa ta’edha.Bakka inzaayimiin appoo inzaayimii fikoofaakterii  irraa uumametti guutummaan isaa hooloo inzaayimii jedhama.

hooloo inzaayimiin = Appoo inzaayimii + koofaakterii

Koofaakteriin qabattoota lama ofkeessaa qaba. Isaanis:

  • Koo inzaayimii
  • Ayoonota albuudotaa (Cu2+,Mn2+,Zn2+,Mg2+ fi kkf)

Koo’inzaayimii-Molekiyuulota orgaanikii ta’anii baay’een isaanii vaayitaaminoota irraa kan maddanidha. Koo inzaayimiin appoo inzaayimiitti maxxanuun gochaa si’eessummaa isaa akka gonfatu isa taasisa.

Gabate 3.2. Koo inzaayimootaa  idilee (common) fi  faayidaa isaanii

Koo’ inzaayimii  VaayitaaminiiInzaayimiiDalgaa
Nikootiin amaayid daay nuukilootaayidii (NAD)NiyaasinRespaayireeshnii keessatti oksiidoo ridaakteeziiRespaayireeshnii keessatti ceesisaa haayidiroojiinii
Flaaviin adeniin daayi nuukilootaayidii (FAD)RiboofilaaviinRespaayireeshnii keessatti oksiidoo ridaakteeziiRespaayireeshnii keessatti ceesisaa haayidiroojiinii

Inzaayimootni tokko tokko yoo ayoonotni albuudotaa jiraatan malee dalagaa isaanii raawwachuu hindanda’ani.

Gabatee 3.3.Inzaayimoota kanneen koofaakteroota  ayoonota albuudotaa isaan barbaachisu.

InzaayimiiAyoonii albuudaaDalagaa
Karboonik an haayidireez  Ayoonii ziinkii (Zn2+)CO2 bishaan waliin walnyaatee kaarboneetii haayidiroojinii  akka uumu kan taasisudha
Dihaayidiroojineezii alkooliiAyoonii ziinkii (Zn2+)Oksideessuu alkoolii
Oksideezii  saayitookiroomiiAyoonotaa koopperii(Cu+ ykn Cu++)Respaayireeshnii keessatti oksideessuu ykn ceesisa haayidiroojinii

3.2.4. Itti Fayyadama Inzaayimootaa (Application of Enzymes)

Namootni inzaayimoota osoo hinbeekiin baroota kumaatama hedduuf  fayyadmaa turani; garuu maalummaa inzaayimootaa tasa fayyadamaa turani kana hinbeekani .Namootni  osoo hinbeekiin inzaayimii raacatii keessaa fayyadamuun daabboo fi omisha biiraaf dhimma itti bahaa  turan.Kunis ittifayyadama teknoloojii  inzaayimii isa jalqabaati.

Racatiin fangasii seelii-qeenxee ta’ee kaarboohaayidireetii raacateessun  kaarboondaayoksaayidii fi alkoolii kan uumodha.Yeroo ammaa kana illee namootni  dhugaatii alkoolawaa  ta’an kan akka farsoo, biiraa fi buddeena omishuuf  kan itti gargaarmanidha.Kunneen mana tokkoon tokkoo keenyaa keessatti kanneen omishamanidha.

Adeemsa  raacataa’uu bukoo daabboo keessatti  alkooliin hamma baay’ee xiqqaa  ta’een uumame baduudhaan ,kaarboondaayioksaayidiin  adeemsa kana keessatti uumame bukoon akka dhisamu godha. Kunis daabboon tolfamu akka lallaafu fi nyaataaf mijataa akka ta’u taasisa.Adeemsa omisha biiraa keessatti  garuu  kaarboondaayioksaayidiin adeemsa raacateessuu kana keessatti uumame dhabamuudhaan  alkooliin garuu hafee  biiraa uuma.

Faayidaaleen inzaayimootaa  sekteroota adda addaa keessatti baay’ee guddaadha. Sekteroota kanneen keessaa:

  • Omisha aannanii fi bu’aa aannanii
  • Ditterjentii
  • Omisha huccuu
  • Warshaalee nyaataa (food processing)
  • Omishaa dawaa adda addaa
  • Faarmaasii adda addaa

Faayidaan inzaayimii industirii keessaa inni baay’ee guddaa ta’e walnyaatinsi keemikaalawaa adeemsa omisha  firiif barbaadamuu tempireecherii gadi aanaa  irratti akka raawwatu  taasisuu isaati. Kana jechuun immoo anniisaa xiqqaa kan barbaadudha. Yoo hammii annisaa barbaadamuu xiqqaa ta’e, qarshiin omishaaf bahu ni xiqqaata jechuudha.Karaa biraatiin  yoo anniisaa xiqqaatu omishaaf barbaachisa ta’e, hammi kaarboondaayioksaayidii industirii akkanaa keessaa bahu ni xiqqaata.Hammi kaarboondaayioksaayidii xiqqachuun immoo dhiibbaan mana magariisaa xiqqaachuun tempireecheriin addunyaa kanaa akka hir’atu gumaacha gauddaa godha jechuudha.

   3.3.Taateewwan Dalgaa Inzaayimoota Irratti Dhiibbaa Geessisani                                “Turnover”n inzaayimii fi kanaafuu immoo gochaaleen inzaayimii qabattoota alaa armaan gadiin dhiibbaan irra gaha.Isaanis:

  • Tempireecherii
  • PH
  • Cunqoo Sabistireetii
  • Ittistoota (inhibitors)

Tempireecherii- inzaayimootni tempireechera mijataa(optimum) kan irratti saffisa  guddaan dalgan niqabatu. Inzaayimoota hoosiftootaaf tempirecherri mijataan kun  gara 400c ti.Yammuu tempireecheriin olka’u paartikilootni anniisaa  kaayineetikii guddaa argatu. Kuni ammo faaayidaa lama qaba.

  1. Paartikilootni bilisaa (free particles) ariitiidhaan akka socho’an isaan taasisa.Kana irraan kanka’e carraan paartikilootni kun  molekiyuulii inzaayimii waliin walitti bu’uuf qabani  ni guddata.
  2. Paartikillotni molekiyuulii keessaa  human guddaadhaan ofirra  naannahu(viberate). Sochiin akkanaa kunis  hidhoo keemikaalawaa atoomotaa kana walitti hihdee jiru   ni  dadhabsiisa.Kanaafuu hidhoon kun caccabuu eegala.Yeroo kanattis inzaayimii keessatti  bocni molekiyuulii isaa  keessumaayyuu kan bakka si’ataa  jijjiiramuu eegala. Inzaayimiin adeemsa keessa caasaa sadee isaa isa dhabuun dineecherdii ta’a(jijjiirama caasaa sadee pirootiinii).
  3. Gochaan inzaayimii tempireecherii laatame tokko irratti madaala taatee(effect)  lameen kanaati.Yoo olka’insi tempireecherii  dineecherii inzaayimii xiqqoo  uume,garuu walnyaatinsa keemikaalawaa guddaan   yoo raawwate, gochaan inzaayimii ni dabala.Yoo olka’insi tempireecherii dineecherii inzaayimii  bahee mul’atu(siginificant) uume, walitti bu’insi guddaan haajiraatuyyuu male gochaan inzaayimii ni hir’isa. Tempireecherrii bakki itti  taateewwan lamaan kun irrratti  wal madaalani tempireecherii mijataa  (optimum temperature)  inzaayima kanaati. Tempireecheriin kanaa ol yoo dabale, inzaayimii dineecherii akka ta’u gochuun  dalgaan isaa akka hir’isu taasisa. Tempireecheriin yoogadi bu’u immoo  walitti bu’insi waan xiqqaatuuf  gochaan inzaayimiis gadi bu’a jechuudha.

Fakkii  3.6.Hariiroo tempireecherii fi walnyaatinsa keemikaalawaa

PH– PHn iskeelii cunqoo ayoonii haayidiroojinii  bulbulaa ykn sirna dhangala’oo biro kan  safarudha.Iskeeliin PH kun 0-14 ttii garaagarummaa kan agarsiisudha. Bulblaan PHn isaa 7 gadii yoo ta’e asiidawaadha; yoo 7 ol ta’e beezawaa (alkaalii )  yammuu jedhamu  bulbulaan PH  isaa  7 ta’e immoo bulbulaa himbaabsawaa jedhamuun beekama.

Inzaayimootni  hoosiftootaa baay’een isaanii  kan haala gaarii ta’een dalgani  PH 6.0-8.0 jidduutti.   haata’u malee  PH mijataan peepsiinii(inzaayimii garaacha keessatti argamu ) garuu PH 1.0 fi PH 3.0 jidduudha. Ijjiiramni PH irratti bahee mul’atu (significant change in PH) molekiyuulii inzaayimii irratti karaalee armaan gadiin dhiibbaa geessisa.

  • Hidhoon ayoonii kan caasaa sadee molekiyuulotaa inzaayimii bakkatti qabee jiru caccabuudhaan  molekiyuuliin inzaayimii dineecherdii taasisa.
  • Chaarjjii  amiinoo asiidii muraasa  kanneen bakka si’ataa inzaayimii  irratti argaman jijjiirudhaan ; kuni immoo sabistireetotni bakka si’ataa inzaa kana irratti akka hinmaxxanne isaan taasisa. Haallii lmeen armaan olii kunis  kan uumamuu danda’an  yammuu PHn bulblaa caalaatti asiidawaa ykn alkaalaayinii ta’udha.

Fakkii  3.7.Hariiroo PH fi gochaa inzaayimootaa

Cunqoosabistireetii –Gochaan inzaayimii lakkofsa molekiyuulii sabistireetii sekoondii tokko keessatti inzaayimiitti maxxanuudhaan  kompleeksii inzaayim-sabistireetii  uumanii irratti hundaa’a. Kanaafuu lakkoofsi molekiyuulii sabistireetii jiru dirqama dhiibbaa kan qabaatudha.Lakkoofsi molekiyuulii sabistireetii xiqqaadha jechuun  walitti bu’insa muraasa fi kuni ammo kompleeksii inzaayim-sabistireetii  baay’ee xiqqoo qofa kan uumudha.

Cunqoosabistireetii yoo dabale walittibu’iinsa(collision)  guddaa fi  kunis kompleeksiin inzaayim-sabistireetii   guddaan akka uumamu kan taasisudha.Haallikun immoo saffisni walnyaatinsaa  kan  waliigalaa  akka dabalu taasisa.Dhuma irratti sababa, cuunqon sabistireetii  dabaleef  tokkoon tokkoo inzaayimii ‘’trnover’’  isa olaanaadhaan  akka isaan dalaganiif gargaara.Kana jechuun bakki  si’ataan  inzaayimii  yeroo hundaa sabistireetii ofitti maxxansee waan jiruuf hanqinni hinjiru jechuudha.Garuu kanaa ol  cunqoon sabistireetii  dbaluun sabistireetii gochaan inzaayimii hindabalu.Sabani isaas bakka si’ataa inzaayimii   hundi isaa waanqabamee jiruufidha. 

Fakkii  3.8.Hariiroo Cunqoosabistireetii fi gochaa inzaayimootaa

Cunqoo Inzaayimii-Yoo cunqoon sabistireetiin guddaa  ta’e ittifufinsaan kan laatamu ta’e, tokkoon tokkoo molekiyuulii inzaayimii “turover”ii isa olaanaa dhaan  dalgaa. Kanaafuu saffisni walnyaatinsa  walittidhufeenya kallattii (direct proportionality)molekiyuulii inzaayimii waliin qabaata.Yoo cunqoon inzaayimii dabale, saffisni walnyaatinsaa ni dabala jechuudha.

Fakkii  3.9.Hariiroo Cunqoo Inzaayimii fi gochaa inzaayimootaa

3.3.4.Wantootni Biroon  Akkamiin Gochaa Inzaayimootaa Irratti  Dhiibbaa Geessisu?

Ittistoota (Inhibitors).-Ittistootni wantoota inzaayimiitti maxxanuudhaan kompileeksiin inzaayim-sabistireetii   akka hinuumamne   taasisuudhaan  walnyaatinsi akka dhaabbatu ykn akka harkifatu kanneen taasisanidha. Ittistootni  bakka lamatti ramadamu. Isaanis:

  • Ittistoota fuulduree (irreversible inhibitors)
  • Ittistoota duubdeebbi(reversible inhibitor)

Ittistootni fuuldureeittistoota haala baay’ee cimaa ta’een yeroo baay’ee hidhoo kovaalentiidhaan inzaayimiitti maxxanuudhaan haala dhaabbataa ta’een  caasaa inzaayimiitti maxxanuudhaan molekiyuulii inzaayimii kan jijjiiruu fi inzaayimiin kuni  si’ataa akka hintaane kan godhudha.  Dhukkuba cabsituun (pain killer) aspiriinii  akka fakkeenya ittisoo  fuuldureetti fudhanee ilaaluu dandeenya. Aspiriiniin inzaayimii saayikiloo oksideez-2 kan  pirostaagilaandinsii miira dhukkubbii uumu  omishu irratti maxxana.

Ittistoota duubdeebbi (reversible inhibitor)- ittistoota kanneen   hidhoo salphaatti cabee ittistoota kana lakkiisuu danda’uun inzaayimiitti maxxananidha.Kun immoo inzaayimootni kun akka deebi’anii si’ataa tahan isaan taasisa.Ittistootni duubdeebbii bakka lamattii ramadamu. Isaanis:

  • Ittistoota dorgomtootaa (compititive inhibitors)
  • Ittistoota dorgomtootaa hinta’iin (non-cmopititive inhibitors )

Ittistoota dorgomtootaa (compititive inhibitors)-Isaan kun molekiyuulota boca guutummaa guutti ykn muraasaan kompilimenterii bakka si’ataa inzaayimii  kan qabanidha.Bocni isaanii yeroo bay’ee  boca sabistireetii waliin walfakkaata.Ittistootni dorgomtootaa kuni bakka si’ataa inzaayimiitti qabachuudhaan akka sabistireetotni inzaayimiitti hinmaxxanne taasisu.Garuu itti maxxanni ittistootni dorgomtootaa kun kan yeroo xiqqoo qofaaf  turrudha. Yeroo  booda  dafanii inzaayimoota gadi lakkisu.

Dhiibbaan waliigalaa saffisa walnyaatinsaa walbira qabaa  cunqoo ittistootadorgomtootaa fi cunqoo sabistireetii irratti kan hundaa’udha.Ittistoottnii fi sabistireetotni lamaan isaaniyyuu  bakka  si’ataa inzaayimii qabachuuf  kan waldorgomanidha. Yoo molekiyuulotni sabistireetii 99 tokkoo tokkoo molekiyuulii  ittisaaf jiraatani walittibu’iinsi   %99 inzaayimii fi sabistireetii gidduutti  raawwata.Kanaafuu  saffisni walnyaatinsaa %99 saffisa walnyaatinsaa olaanaadhaan raawwachaa jira  jechuudha.Yoo reeshiyoon molekiyuulii   sabistireetii 90 molekiyuulii  ittistoota 10f ta’e, ittisni %10 waan jiruuf saffisni walnyaatinsaa  gara %90  walnyaatinsaa olaanaatti gadi bu’a.

Ittistoota dorgomtootaa hinta’iin (non-cmopititive inhibitors )- Ittistootni dorgomtootaa hintaane bakka si’ataa inzaayimii qabachuuf  sabistireetii waliin kan waldorgomani miti.Ittistootni kun inzaayimiirratti  bakka allosterikii (allosteric site) jedhamutti  maxxanuudhaan jijjiirama boca bakka si’ataa inzaayimii dabalatu taasisu. Kana irraan kan ka’e  bocni bakka si’ataa  isa dura qabu irraa adda ta’e  qabaata. Kanaafuu  sabistireetii dura  ofitti maxxansu  kana booda ofitti maxxansuu hindanda’u.

BOQONNAA   4

                          BAAYOLOOJII SEELII

      Kaayyolee

Boqonnaa kana erga barattanii booda

  • Tiwoorii seelii ni ibsitu.
  • Garaagarummaa seelii pirookaariyootaa fi iyukaariyootaa gidduu jiru addaan baaftu.
  • Ijaarsa Caasaa fi dalagaa seelii ni qorattu.
  • Sirna geejjiba seelii keessatti ta’an addaan baafattu.
  • Garaagarummaa Geejjiba  miti- si’ataa fi Geejjiba si’ataa ni ibsitu.

4.1. Tiwoorii Seelii

4.1.1. Tiwoorii Seelii ammayyaa

Naannoo jaarraa 19ffaa tti beektonni hedduun seeliin maal akka ta’ee fi eessaa akka dhufe ibsaa turani. Saayintistoonni Jarman lama, M.I. shiliidin fi T.shawaan jedhaman bara 1938 – 1939 keessa tiiwoorii seelii akka yaadaatti dhiyeessan. Shiliidin (qo’ataa biqilootaa) fi Shawaan (qo’ataa bineeldotaa) tiwoorii seelii isa jalqabaa kan foormuleessan, karaa kanaanis argattoota baayolooji seelii ammayyaa jedhamuun kan beekamanidha.

Haala hirama seelii yeroo jalqabaaf kan ibse paatoloojistiin biyya Jarmaan Ruudolf virkowu jedhamu yaadni haarawaan “seelonni karaa hirama seeliin seelii isaan dura jiran irraa argaman” jedhu tiwoorii seeliitti akka dabalamu taasise.

Akka walii galaatti tiwooriin seelii yaada armaan gadii qabata.

  • Lubbuun bifa hundaa seelii tokko ykn  tokkoo ol irraa hojjetame. Kana jechuun seeliin bu’uura caasaa orgaanizimoota hundaati jechuudha.
  • Seeliin wantoota murteessitoota dhaala sanyii adeemsa lubbuu hordofuu fi qajeelcha of keessaa qaba. Yeroo hirmama seelii kiroomoosoomota irraan sanyii warraa gara ilmaaniitti darba.
  • Seelonni hunduu seelii duraan jiru irraa hirmama seeliin kan Uumamanidha. Kana jechuun lubbuun erga calqaba uumamee hamma hammaatti osoo wal irraa hin citiin, seeliin haaraan, seelii duraan dursee jiru irraa uumama jechuudha.
  • Dagaagina baayoloojii seelii

Seelotni caasaa baay’ee xixiqqoo ta’an fi meeshaalee guddisee agarsiisu/maayikirooskooppii malee kan hin mul’atnedha.

Dagaagina baayoloojii seeliitiif shoora kan taphatee argamu maayikirooskooppiiti. Baayoloojiin seelii akka saayinsii tokkootti fudhatamee qu’annoo fi qorannoon irratti gaggeeffamuu kan jalqabe jaarraa 20ffaa naannoo 1950 irraa kaaseeti.

Haata’u malee beektonni waa’ee seelii irratti hojjetan jaarraa  17ffaa irraa kaasee hojii isaanii dhiheessaa turani. Namni yeroo duraa tiif jecha seelii jedhu itti fayyadame nama biyya Ingilizii Roobertii Huuk jedhamudha. Jechi seelii jedhu kan dhufe jecha Laatinii Seelulaa jedhu irraati. Kana jechuunis kutaa xixiqqaa jechuu dha. Huukiin solloqqee mukaa haphinaan kutame maayikirooskooppii jalatti wayita daawwate kutaa xixiqqoo baay’ee qabu arge. Haata’u malee solloqqeen mukaa kun seelii dhugaa osoo hin taane du’aa seelii ture. Namni kun maayikirooskooppii isa opitikaalawaa (42x) jalqaba kan argate dha.

Bara 1676tti namni Antoon vaan Liiwuun hook jedhamu maayikirooskoopppii ifaan hojjetu kan R. Huuk hojjete caalaa fooyyessuun pirootoozowaa fi baakteeriyaa bishaan haroo fi laga keessatti argaman ilaaluu danda’ee ture. Innis nama yeroo duraatiif orgaanizimoota seel qeenxee ta’an ilaaluu danda’e dha.

4.1.3. Bocaa fi dalagaa seelii

Irra caalaan seelota hammaan xiqqaa fi kan maayikirooskooppii barbaadan ta’an illee garaagarummaa baay’ee qabu. Gariin baay’ee xiqqaa fi kan ijaan hin mul’atne yammuu ta’an, kaan ammo guddaa fi ijaan mul’achuu kan danda’ani dha.

Hammaa fi bocni seelotaa dalagaa isaanii wajjin walitti hidhatinsa qaba. Seelota dhiiga adii yammuu socho’an boca isaanii jijjirratu. Seelonni sanyii kormaa immoo sochiidhaaf kan gargaaru eegee qaba. Seelonni guddina, bocaa fi caasaa garaagaraa qabu.

4.2. Gosoota Seelii

 Seelonni guddina, bocaa fi caasaa isaaniitiin bakka lamatti qoodamu. Isaanis pirookaariyootaa fi iyukaariyoota jedhamu.

4.2.1. Seelii Pirookaariyootaa

Seelonni pirookaariyootaa fi iyukaariyootaa jedhaman jiraachuu fi jiraachuu dhabuu mambereenii DNA wajjin kan wal qabate dha. Pirookaariyoota keessatti DNA membereenii niwukilaariidhaan kan hin haguugamnee fi bilisaan saayitoopilaasmaa keessatti kan argamu dha. Kanaafuu seelonni kun niwukilasii dhugaa hin qabani jechuu dha.(piroo-dura, kaariyoon – niwukilasii)

Walumaagalatti, seelonni pirookaariyootaa

  • Sirna orgaanelii membereeniidhaan haguugaman hin qabne
  • Sirna wal-nyaatinsi keemikaalaa hundi saayitoopilaasmaa keessatti geggeeffamu.
  • Seelii yeroo jalqabaatiif lafa irratti uumame dha.

Fkn:- bakteeriyaa fi saaphaphuu cuqulmagariisa.

4.2.2. Seelii Iyukaariyootaa

Jechi iyukaariyootaa jedhamu addaan qoodamee yammuu ibsamu iyu-jechuun dhugaa yammuu ta’u kaariyoon jechuun immoo niwukilasii jechuudha. Kanaafuu, iyukaariyootii jechuun seelota niwukilasii dhugaa qaban jechuudha. Meeshaan jenetiksii ykn DNAn isaanii membereenii dhaan haguugamanii argamu. Sirna orgaanelii membereenii dhaan marfaman qabu.

Seelii keessatti wal-nyaatinsi keemikaalaa kanneen walhin fakkaanne hedduutu rakkoo malee otoo walitti hin makamne gaggeeffama.

4.3. Caasaa fi dalagaa seelii

Dhangala’oo saayitoopilaasmaa, saayitoosol jedhamu keessatti kutaalee seelii fi caasaawwan adda addaatu faca’ee argama. Isaan kunis

  1. Sirna membereenii seelii keessaa kan uumaman
  2. Orgaaneloota baakteeriyaa fakkaatan
  3. Uwwistuu seelii fi
  4. Saayitoo iskeleetenii jedhamuun qoodamuu danda’u.

Walumaa galatti, qabiyyeen membereenii seeliin marfamee jiru bakka gurguddaa lamatti qoodama: niwukilasii fi saayitoopilaazimii isaan kun lamaan seelii iyukaariyootaa keessatti pirootoopilaazmii jedhama.

4.3.1.Orgaaneelota seelii


A.Niwukilasii

Niwukilasiin orgaanelii membereenii dachaan haguugame, kan caaasaalee dhaala sanyii (hereditary structures), kan qabu dha. Seelii bineeldotaa keessatti niwukilasiinhandhuura seeliitti wayita argamu, biqiloota keessatti garuu gara cinaatti argama.

Niwukilasiin caasaalee afur of keessatti qabata. Isaanis niwukiloopilaazmii, kiroomozomii, niwukiloolasii fi memberenii niwukilasii dha.

Niwukiloopilaasmiin qaama dhangala’aa niwukilasiiti. Niwukiloolasiin wantoo memberenii hin qabne kan wayita seeliin hin hiramne argamani dha. Membereeniin niwukilaarii membereenii dacha, qaawwa qabu (porous), baqqaana niwukilasii fi saayitoopilaazmii addaan baasu akkasumas karaa itti niwukilasiin saayitoopilaasmii wajjin walqunnamu dha. Kiroomozomiin caasaa kirrii fakkaatu ta’ee kan sanyii dhaalaa baatudha.

Innis kan Uumame ruqoolee lama irraati. Isaanis. DNA fi pirootinii histoonii jedhamani dha.

Walumaagalatti, niwukilasiin handhuura odeeffannoo fi to’annoo seeliiti. Gochaalee seelii mara kan to’atudha.

B. Membereenii seelii (Ms)

Membereeniin seelii ittistuu (barrier) wantoota calalee seelii keessatti fi seelii alatti dabarsu dha.Innis wantoota tokko tokko gingilchuun kan of keessa dabarsu kanneen biroo garuu xiqqeenyaan kan dabarsu yookanis gonkummaa kan of keessa hin dabarsinedha. Ms baqqaan lame lippiid (lipiid bilayer) jedhama. Baqqaana foosfoolippiidii, pirootinootaa fi karboohayidireetii muraasa (glycolipid fi glycoprotein) irraa Kan hojjetamanidha.

Membereeniin seelii:-            

  • Ciminaa fi daangeffama seeliif ni gargaara.
  • Sosochii wantootaa kan to’atuu fi haala mijeessu.
  • Wal-qunnamtii seelii fi naannoo isaa gidduutti ta’uuf kan gargaaru dha.
  • Reetikulamii Indoopilaazmawaa (RI ykn ER)

Reetikulamiin indoopilaazmawaa membereenii afamaa, dadacha’aa fi walxaxaa ta’e dha. RI keessatti caasaan siisternee, veezikilootaa fi membereenii ujummoo fakkaatan ni argamu. Maayikirooskooppiin eleektiroonii RI gosa lama akka ta’an mul’isa. Isaanis RI gosa lama akka ta’an mul’isa. Isaanis RI shaakarraa’aa (rough) fi RI lasanamaa (smooth ER) jedhamu.

Reetikulamii Indoopilaazmawaa shaakarraa’aa (rough ER)raayiboozomii of irratti baatee kan argamu yammuu ta’u dalagaan isaaniis molokiloota pirootinii qopheessuu fi seelii alatti geejjibuu dha.Inni lassanamaa ammo kan raayiboozomooni itti  qabatanii hin jirredha. Inni kun kan qaama gooljii wajjin jirudha. Oomisha coomaa fi isteerooyidootaa keessatti qooda fudhatajedhamee amanama. Fkn. Seelota tiruu

  1. Qaama Gooljii

Qaamni Gooljii caasaa membereenii dacha ta’e kan coccopha (droplets) fakkaachuun argamudha. Caasaan seelii kun kan argame bara 1898tti nama kaamiliyoon Goljii jedhamuun ta’ee sirriitti kan hubatame erga maayikirooskooppiin eleektiroonaa argamee booda.

Gabaabbinaan Qaamni Gooljii faayidaa armaan gadii qaba

  • Faayidaa geejjiba wantoota adda addaa kennuu kunis keemikaalota gara isaanii dhufan irratti jijjiirama tokko tokko gaggeessu.

       Fkn. Pirootinii + kaaroboohaayidireetii               gilaayikoopirootinii.

  •  Veezikiloota geejjibaa qopheessuu. Fakkeenyaaf vezikiloonni pirootinii qaban qaama gooljii irraa cituun gara alaatti dhangalaasu.
  • Laayisoosomota qopheessuu.
  • Laayisozomoota

 Laayisoozomoonni caasaalee membereenii baaqqeedhaan marfame ta’ee kanneen inzaayimoota dhaan badhaadhoo ta’ani dha.

Akkuma maqaa isaanii laayisisii (lysis) jechuun diiguu jechuu ta’ee seelota ykn kompaawundoota orgaanikaa kanneen hin barbaachifne caccabsuun kan dhabamsiisani dha. Akkasumas adeemsa awutoolisisii (antolysis) ykn of ajjeesuu keessatti qooda fudhatu. Karaa kanaan seelonni dulloomanii fi moofa’an diigamuun seelota haarawaa fi alfii(young) ta’aniin bakka bu’u. Seelota dhiiga adii, seelota tiruu fi seelota rajiijii keessatti hedduuminaan argamu.

  • Raayiboozoomii

Isaan kun ammo caasaalee xixiqqoo RNA fi pirootinii irraa ijaaraman wayita ta’an isaanis oomisha pirootinii keessatti kan fayyadanidha. Raayiboozomoonni Saayitoopilaasmii keessa bilisaan ykn ammoo RI tti qabatani argamu. Raayiboozomoonni seelota iyukaariyootaas ta’e pirookaariyootaa keessatti kan argaman ta’ee seelota keessatti baay’inaan argamuu.

Qaamni raayiboozomii yuunitii lama qaba, isaanis isa guddaa (80s) fi isa xiqqaa (70s) jedhamanii beekamu.

Gaaffii:- akaakuu lamaan kana keessaa isa kamtu raayiboozomoota iyukaariyoota

                 sitti fakkaata?

  • Maayitookondoriyaa

Isaan kun caasaalee membereenii dachaan golgaman. Membereenii irra keessi isaa walqixxaataa ta’ee keessi isaammoo dadacha’aa ta’e fi gidduun isaa immoo maatiriksii dhangala’aan guutame qabanidha.

Dadacha’inni keessaa kiristee jedhamu kun wal-nyaatinsa keemikaalaatiif bal’ina irra keessaa (surface area) kan dabalu dha.

Maayitokondoriyaan mana aangoo seelii, bakka anniisaan kaarbnoohayidireetii fi coomaa bakka oksijiniin jirutti gara ATPtti jijjiiramudha. Salphumatti. Maayitookondoriyaan bakka gubamni soorataa eroobikaa itti geggeeffamu dha.

Gaaffii:– Wantoota maatiriksii maayitokondoriyaa keessatti argaman jettee   yaaddu    

                 maqaa dhahi.

          – Baay’inni maayitookondoriyaa seelii irraa seeliitti, orgaanizimii irraa orgaanizimitti garaagarummaa qabamoo walfakkaataa dha?                                                                                

  • Qaamota xixiqqoo (microbodies)

Qaamni maayikiroo kun caasaalee membereeniin maraman peeroksiisomii fi gilaayooksiisomii jedhamani dha. Inzaayimoota meetaabolizimii adda addaa tiif barbaachisoo ta’an qabu.

Peeroksiisomii:- Seelota biqiloota fi bineeldotaa lamaanuu keessatti kan argaman wayita ta’u kanneen inzaayimii kataalesii qabani dha.

                                               2H2O2     kataalesii         2H2O + O2                                                           

Gilaayoksiisomii – Seelota biqilootaa qofa keessatti argamu. Inzaayimoota lippiidii gara karbohayidireetiitti jijjiiran kuusanii qabu. Baayinaan kan argamanis seelota kichuu ta’an keessatti.

  1. Saayitooplaazimaa

Jechi saayitoopilaazimii jedhu caasaalee dhangala’oo ta’ee gidduu niwukileesii fi membireenii seeliitti argamudha.

  • Cichaa seelii

Kun ammo membereenii pilaasmaa dhaan gara alatti kanargamu ta’ee seelota uwwisuun caasaalee keessa seeliitiif ittisa kan kennu dha.Kopaawundonni caasaan kun irraa uumame seelota hunda keessatti tokko miti.Biqiloota keessatti kan argamuu fi bineeldota keessatti kan hin argamnedha.

Fkn. Baakteeriyaa – peeptiidoogilaayikaanii (murein).                                                 

        Saaphaaphootaa fi biqilootaa – seeluloosii

        Fangasoota – kaayitinii

Gaaffii:- Amma immoo barattoota gaaffilee armaan gadii deebisuudhaaf qophaa’a.

1. Orgaaneloota – biqiloota qofa keessatti argaman

                           –  bineeldota qofa keessatti argaman.

                           – lamaanuu keessatti argaman tarreessi.

4. Geejjiba Seelii Keessaa

Barnoota darbe keessatti, caasaa fi hojiilee seelii sadarkaa adda addaatti ilaaluu yaalleera. Seelonni kun waan cufaan of danda’uuf waan hedduutu alaa isaan barbaachisa,. Akkasumas wanti isaan burqisiisan gara biraa baatamee deemuu qaba. Kanaafuu, kun akkamiin raawwatama? Faayidaan isaa ho?

Karaa geejjiba seelotaa kana seelotni:

  • Soorata gara keessatti fudhatu
  • Xuraawaa of keessaa ni baasu.
  • madaala PH ni eegu.
  • madaala cunqina ayoonotaa ni sirreessu.
  • Saffisa sosochii sudoowwanii kan murteessan

 1. Hamma ykn ulfaatina molikulootaa                       3.Tempireechara

 2. Faalkaa wanta sosochiin keessatti ta’uu                4. Dhiibbaa  fi k.k.f.

 Sochiin sudootni gara keessa seelii fi ala seelitti taasisan tooftaa gurguddoo armaan gadiitiin kan raawwatudha.

  1. Geejjiba  miti- si’ataa( passive transport)
    1. diffushinii
    1. osmoosisii
  1. Geejjiba si’aawaa (active transport)
    1. Sochii si’ataa salphaa
    1. Sochii si’ataa suudota gurguddoo

1. Geejjiba miti-si’ataa(passive transport)

Sochii molokuloonni gargaarsa anniisaa malee ofii isaanii taassisan dha.

  1. Diffiyushinii

 Sochii molokiloonni ykn ayoonotni bakka cunqoon isaanii hedduminaan argamu irraa gara cunqoonisaanii xiqqaa ta’etti taasisanidha.Adeemsa anniisaa hin barbaadne dha. Hanga garaagarummaan kuufamaa jirutti kan raawwatu fi yoo kuufamni wal qixa ta’e kan dhaabbatudha.

Yaalii:- shittoo qabaa isaa wajjiin qabi.

           –  kutaa tokko keessa dhaabadhuutii akka namni tokko moggaa kutaa sana

             keessa faallaa kee dhaabatee biifu taasisi.

        – Namni tokko immoo gidduu keessan akka dhaabatu taasisi.

Gaaffilee:- 1. Lamaan keessan walqixa fuunfattanii?

                   2. Sochii molekulii shittoo akkamiin ibsita?

b. Osmoosisii

Osmoosisiin diffiyuushinii bishaaniiti. Kanaafuu, osmoosisiin adeemsa bishaan bulbula callabbaa’aa irraa gara cunqootti membereenii seelii samii- permiyabilii keessan daddarbu ta’uudha.        

Akkuma diffiyuushinii anniisaa gubama soorataa hin barbaannedha.

Bulbula seelii keessa jiru wajjin wal-bira qabamee yammuu ilaalamu, bulbulli naannoo bakka saditti qoodama.

  • ayizootonikii
  • haayipootonikii
  • haayipertonikii

Cunqoon bulbulamaa keessaa fi ala seelii yoo wal-qixa ta’e bulblulichi ayizootoonikii jedhama. Haala kana keessatti sochiin sudoowwanii gara kallattii lamaanitti ta’u wal-qixxeedha. Wayita cunqoon bulbulmaa walqixxee ta’uu dhiisu, bulblulli inni blulbulamaa (solute) xiqqoo qabu hayipootoonikii yoo jedhamu inni bulbulamaa caalmaa qabu immoo haayipertoonikii jedhama.  Yeroo mara molekuloonni bishaanii bulbula haayipootoonikii ta’e irraa gara isa haayipertoonikiitti dhangala’u.

Seeliin bineeldotaa bulbula hayipertoonikii keessa kaa’ame tokko walitti gala ykn  Kirineetii (crenate) godha. Adeemsi bishaan seelii keessaa ittiin dhabamsiifamu kun Pilaasmoolisisii jedhama. Bulbula hayipootoonikii keessa yoo kaa’ame immoo hedduminaan bishaan waan ofitti fudhatuuf ni dhoha. Biqiloonni garuu cichaa seelii waan qabaniif hin dho’an qooda kanaa, dhifamuun  tarjidii ykn riijidii ta’a.

4.3.3. Geejjiba si’aawaa(active transport)

Geejjibni si’aawaa deemsa molokulootaa bakka callabbaa’aa irraa gara cunqoo (kuufama) guddaa qabutti anniisaa fayyadamuun kan taasifamudha. Adeemsi kun fayyadaminsa ATP kan barbaadudha.

A.    Sochii si’ataa salphaa

Sochiin si’ataa adeemsa anniisaa barbaadudha. Adeemsa kana keessatti sudootni bakka cunqinni isaanii xiqqaa ta’e irraa gara hedduu  ta’etti socho’u.

Adeemsa sochii si’ataa keessatti sudootni kallattii tokko qofaan yaa’u. Asirratti suudotni kan geejjibaman molokulii pirootinii membereenii seelii keessatti argamaniinidha. Pirootinoonni akkanaa kun pirootinii geejjibaa jedhamu.

   Fkn: Lixinsaa fi baay’insa Na + – K+

  1. Sochii Si’ataa Sudoota Gurguddoo/bulk transport/

Molikuloonni gurguddoon akka pirootinii fi niwukilik asidii diyaametira gurguddaa qaawwa membereenii seelii caalu qaban akka vezikilii ykn vaakiyulitti maramuun membereenii seelii keessa hulluuquun geejjibamu. Geejjibni veesikulaarii kun indoosaayitoosisii ykn eksoosaaytoosisii ta’uu ni danda’u.

Indoosaayitoosisii: Geejjiba gara seelii keessatti ta’u dha. Kunis gosa lama qaba:

  1. Piinoosaayitoosisii:- adeemsa wantoonni bifa dhangala’oon (bulbula ta’een) seelii keessatti fudhataman yoo ta’u veezikiliin adeemsa kanaan uumamu xiqqoo dha.
  2. Faagoosaayitoosisii:- Adeemsa wantoonni jajjaboo seelii keessatti fudhatamani dha. Piinoosaayitoosisii irraa wanti adda taasisu faalkaa suudota geejjibamanii dha.

  Eksoossaayitoosisii:- kun ammoo faallaa indoosaayitoosisiiti. Geejjiba gara seelii alatti taassifamu dha. Fakkeenyaaf, nyaata hin bullaa’in hafe, hormoonotaa fi pirootinii adda addaa haala kanaan seelii keessaa gara alaatti geejjibamu dha.

BOQONNAA -5

JIJJIIRAMA ANNISAA /ENERGY TRANSFORMATION/

Kaayyoo

Dhumaa boqonnaa kanaa booda barattoonni:

  • Malummaa fi tartiiba rispaayireeshinii ittin gaggeeffamu ni beeku.
  • Wal-nyaatinsaa keemikaalawaa fotoosentesisii biqilootaa adda baasun ni beeku.
  • Faayidaa ifaa, kilooroopilaastii, bishaanii fi kaarboondaayoksaayidii fotoosenteensisii keessatti qaban  ni tarreessu

5.1.Respaayireeshinii seelii /cellular respiration/

5.1.1. “ATP “ fi “NADH”

“ATP”n dheeratee yammuu barreeffamu “Adenosine Triphosphate” jechuudha. Akka fakkii armaan gadii irraa hubatamuun danda’muutti ATPn beezii naayitiroojinii,adeniin,sukkaara raayiboozii fi garee foosfeetii sadii irraa kan tolfamedha.

Fakkii 5.1.Caasaa ATP

Al tokko tokko ATPn nukilootaayidii foosfooraayileetid ta’e jedhme ibsama. Molekiyuuliin tokko foosfooraayileetid ta’e jechuun gareen foosfeetii tokko itti ida’ame jechuudha.ATPn nukilootaayidii adenaayinii  garee foosfeetii irra darbaa (extra) lama kan of irraa qabudha. Garee  foosfeetii darbaa molekiyuulota irratti ida’uuf anniisaan barbaachisaadha; keessattuu garee foosfeetii isa sadaffaa  ida’uuf. Kana irraa kan ka’e anniisaan hidhoo ATP keessatti kuufamuudhaan yammoo hidhoon garee foosfeetii isa sadaffaa qabee jiru cabu anniisaan kuufamee  ture sun deebi’ee gadi lakkifama.Yammuu gareen foosfeetii inni sadaffaa ATP irraa fottoqu, amma illee nukilootaayidii foosfooraayileetid ta’eetu jira;garuu garee foosfeetii lama qofaa waan qabuuf adenoosiin daayifoosfeetii ykn ADP jedhama. Gareen foosfeetii  ATP irraa fotoqe kunis  Pi jedhama.Waliin waljijjiirraan (interconversion) ATP fi ADP haala armaan gadiin raawwata.

Fakkii 5.2.Waliin waljijjiirraa ATP fi ADP

Akka fakkii armaan oliitti maddi anniisaa ATP uumuuf gargaaru  ifa aduu irraa ykn soorata irraa argamuu danda’a.Kunis ta’uu kan danda’eef  ATPn yeroo  footoosinteesisii fi  respaayireeshinii  seelii waan umamuufidha.

NAD-Dheeratee yammuu barreeffamu nikootiin amaayid adeniin daayinukilootaayid jedhama. Nikootiin amaayid adeniin daayinukilootaayidiin (NAD+)  koo’inzaayimii baay’ee barbaachisaa seelii keessatti argamudha.Dalagaan isaa inni guddaan fudhataa elektiroonii(electro acceptor) ta’uudhaan  redooksii metabolikii keessatti  qooda fudhata.Seelii keessatti koo’inzaayimiin kun  bifa lamaan argama. Isaanis; bifa foosfooraayileetid hintaane (NAD+)  fi bifa foosfooraayileetid ta’e (NADP+). Bifti lameen kun  keemistirii walfakkaatu  haaqabaatan iyyuu malee  dalagaan isaan metaabolizimii keessatti qaban  adda addadha.

Fakkii 5.3 Caasaa bifa NAD

Akkuma fakkii armaan olii irraa hubachuun danda’amutti NADHn  bifa NAD+ rediyuusdi ta’eeti.Metaabolizimii keessatti  NAD+ n akka ejentii  oksideetiiviitti  tajaajila. Kana jechuun elektiroonii molekiyuulii iirraa fudhata.  Yammuu elektiroonii Molekiyuuliif laatu immoo  akka rediyuusiing ejentiitti gargaara.

5.1.2. Caasaa Maayitookondoriyaa

Maayitookondoriyaan Caasaa orgaaneelii boca ulee qabu ta’ee seelii iyuukaariyootii  keessatti argamudha. Seeliin tokko maayitookondoriyaa  dhibbootaan ykn kumaatamaan lakkaa’amu qabaachuu danda’a. Lakkoofsi maayitookondoriyaa seeliin tokko qabaachuu danda’u Sadarkaa sochii metaabolizimii isaa irratti hundaa’a.Yoo seeliin metaabolizimii guddaa qabaate maayitookondoriyaa baay’ee qabata. Maayitookondoriyaan sistoosoolii seelii  keessaa %25 ol qabata. Maayitookondoriyaan madda anniisaa seelii jedhamuun kan beekamudha.Sababni isaas dalagaan isaa inni duraa wantoota orgaanikii ta’an  bifa  ATP dhaan gara  anniisaatti jijjiiruudha.

Maayitookondoriyaan membireenota adda addaa lama qaba (fakkii 5.4). Isaanis:

  • Membireenii alaa-guutummaa orgaanelii kanaa kan haguugudha.
  • Membireenii keessaa- kiristee jedhamuun kan beekamuu ta’ee gara keessaatti

dhooqu godhudha.Dirri kiristee mana maashinaa kan reespaayireeshinii  eroobikii fi  ATP omishuuf gargaaruuti.Membireenotni  keessaa fi alaa maayitookondoriyaa  gola lamatti qoodu.Isaanis:

  • Gola keessoo maayitookondoriyaa(interior of mitochondria)-maatriiksii jedhama.
  • Gola membireenii keessaa fi alaa gidduutti argamu-inermembireen ispeesii jedhama.

Fakkii 5.4. Caasaa maayitokondoriyaa

5.1.3 Sadrkaalee Rispaayireeshinii

Oksidaa’uu Molekiyuulota Boba’oo (fuels) Yeroo rispaayireeshinii Selulaarii

Yeroo respaayireeshinii selulaarii, boba’oon kanneen akka giluukoosii oksidaayizd ta’uun  O2 n immoo rediyuusd ta’a.

Omisha Anniisaa Dhawaataawaa (stepwise) Karaa NAD+ fi  Sirna Geejiba Elektiroonii Walqabataa Ta’ee

Respaayireeshinii Selulaarii keessatti  giluukoosii fi molekiyuulotni orgaanikaa  biroon  dhawata walirraa hincinneen caccabu.Elektiroonotni kompaawundoota kanneen irraa  yeroo hunda dursa gara kooinzaayimii NAD+ tti darbu.Akka fudhataa elektirooniitti, respaayireeshinii Selulaarii keessatti NAD+ n  akka ejentii oksidaayiziingiitti tajaajila. Tokkoon tokkoo NADH(bifa NAD+ rediyuusdii ta’ee) anniisaa omisha  ATPf kuufame bakka bu’a.

NADHn elektiroonii isaa  gara sirna geejiba elektiroonii walqabataa ta’etti dabarsa.Haala walnyatinsa keemikaalawaa hinto’atmnee irraa adda ta’een  sirni geejjiba elektiroonii walqabataa  elektiroonota dhawaata dhawaataan  fudhataa elektiroonii isa dhumaaf (O2) dabarsa malee  altokkotti miti. Yoo altokkotti dabarse walnyaatinsi kun dhowaa(explossive) waan ta’uuf  anniisaan walnyaatinsa keemikaalawaa  kana irraa argamu ni qisaasa’a. O2 niin elektiroonota irraa gadee sirna funcaa  geejjiba elektiroonii walqabataa  karaa ADP fi Pi walqabatanii ATP uumani  irraan gadi dhiiba.

Fakkii 5.5.Garaagarummaa walnyaatinsa keemikaalawaa hinto’atamnee fi respaayireeshinii Selulaarii

Sadarkaalee Respaatireeshinii Selulaarii

Giluukoosii irraa anniisaan omishamu sadarkaalee sadii qaba. Isaanis:

  • Gilaayikoolaayisisii
  • Marsaa sitiriik asiidii
  • Foosfooraayileeshinii oksideetiivii

Gilaayikoolaayisisii- adeemsa ittiin giluukoosiin gara molekiyuulota paayiruuveetii lamaatti caccabudha.Adeemsi kunis saayitoopilaazmaa keessatti  kan raawwatu ta’ee sadarkaalee lama qaba.Isaanis sadarkaa investimentii anniisaa fi sadarkaa baasiin investimentiin anniisaa  dura raawwate itti deebi’uuti. Gilaayikoolaayisisiin O2 jiraates jiraachuu baates  raawwachuu danda’a.

Fakkii 5.6 Sadarkaa Gilaayikoolaayisisii

Gilaayikoolaayisisii- Sadarkaa investimentii anniisaa

1. ATPn gara ADP tti cabuudhaan garee foosfeetii tokko gara giluukoosiitti inzaayimii heksoo kineeziidhaan  cee’a. Yeroo kanatti giluukoosiin foosfooraayileetidii ta’e jedhama.Kunis giluukoosiin anniisaa guddaa ta’e akka qabaatuu waangodhuuf tasggabbii dhabuudhaan gara giluukoosii 6-foosfeetiittii jijjiirama.

2. Giluukoosii 6-foosfeetiin gara firuuktoos 6-foosfeetiitti inzaayimii foosfoo giluukoo ayisoomereeziidhaan ayisoomeraayizdii ta’a.

3. Firuuktoos 6-foosfeetiin ATP biro irraa garee foosfeetii tokko inzaayimii foosfoo firuuktoo kaayineeziidhaan ida’achuun gara Firuuktoo 1,6-baayfoosfeetiitti geeddarama.

4. Firuuktoo 1,6-baayfoosfeetiitti inzaayimii  aldooleeziidhaan gara diihaayidirooksii asetoon foosfeetii fi gilaayiser aldehaayidii 3-foosfeetiitti jijjiirama.

5.Waliin waljijjiirraan diihaayidirooksii asetoon foosfeetii fi gilaayiser aldehaayidii 3-foosfeetii adeemsa ayisoomerizimiidhaan raawwatu.Garuu dhuma irratti kallattiin walnyaatinsa kana gara fuulduraatti deemuudhaan gilaayiser aldehaayidii 3-foosfeetiin uumama.

Gilaayikoolaayisisii- Sadarkaa investimentii anniisaa  itti deebi’u

6. Molekiyuuliin  NAD+ rediyuusdii ta’uudhaan NADH n lama uumamu

7.Molekiyuulotni ADP lama Foosfooraayileetidii ta’uudhaan  gara molekiyuulota ATP lamaatti geeddaramu.

8. 3-foosfoo gilaaysereetiin lama  gara 2-foosfoo gilaaysereetii lamaatti jijjiramu.

9. 2-foosfoo gilaaysereetiin lama gara foosfoo innool paayiruuveetiitti lamaatti jijjiiramu.

10. Molekiyuulotni ADP lama gara molekiyuulota ATP lamaatti foosfooraayileetid ta’u. Molekiyuulotni foosfoo innool paayiruuveetiitti lamaan kunis gara gara molekiyuulota molekiyuulota paayiruuveetii lamaatti jijjiramu.

Fakkii 5.7 Sadarkaa investimentii anniisaa

Erga paayiruuveetiin oksidaayizdii ta’een booda marsaan sitiriik asiidii oksideeshinii molekiyuulii orgaanikii  anniisaa laatu xumura.Yeroo   O2  jiru paayiruuveetiin bakka oksideeshiniin giluukoosii itti xumuramu maayitookondoriyaa seelii iyuukariyootii seena.

Marsaa Asiidii Sitirikii-Marsaan asiidii sitirikii marsaa Kirebsii jedhamuudhaan kan beekamuu fi bakka caccabinsi paayiruuveetii gara CO2  itti xumuramudha.Marsaan kun boba’aa orgaanikaa paayiruuveetii irraa madde oksideessuudhaan walumaagala ATP 2, FADH2 2 fi NADH 2  omisha.Marsaan asiidii sitirikii  sadarkaalee 8 kanneen tokkoon tokko isaa inzaayimii murtaawaa ta’een si’eessamu qabu.

  1. Gareen asetaayilii asetaayil COA jedhamun okzaaloo asseteetti maxxanuun marsaa kana seenee  sitireetii uuma.
  2. Sitireetiin  gara ayisoo sitireetiitti jijjiirama.
  3. Ayisoo sitireetiin  gara aalfaa keetoo giluutaareetiitti wayita jijjiiramutti  NAD+n tokko  rediyuusdii ta’a.
  4. Aalfaa keetoo giluutaareetiittin susiniil COA tti jijjiiramuun  dabalataan  NAD+n tokko  rediyuusdii ta’a.
  5. Susiniil COA  susineetiitti jijjiiramuudhaan  ADPn tokko sadrkaa sabistireetiitti foosfooraayileetid ta’uudhaan  ATPn tokko uumama.
  6. Suusineetiin gara fumareetiitti geeddaramuudhaan FADn tokko rediyuusdii ta’a.
  7. Fumareetiin gara maaleetiitti  jijjiirama
  8. Maaleetiittin gara ogzaaloo assetetiitti yammuu jijjiiramu NAD+n tokko rediyuusdii ta’a.NADH fi FADH2n marsaa kanaan uumamani  elektironoota  soorata irraa kuufatani kana gara sirna geejiba elektiroonii walqbabataa ta’eetti dabarsu.

Fakki 5.8.Marsaa Kirebsii

5.1.Sirna Geejiba Elektiroonii Walqabataa

Sirni geejibaa kun foosfooraayileeshinii oksideetiivii ta’edha. Foosfooraayileeshiniin oksideetiivii ta’e kana keessatti keemiyoosmoosisiin geejiba elektiroonii omisha ATP waliin altokkotti raawwata(coupling).Kuni immoo anniisaan yaa’insa elektiroonii irraa argamu omisha ATPf gargaara jechuudha. Gilaayikoolaayisisii fi  marsaa sitiriik asiidiin booda NADH fi FADH2n annisaa soorataa irra argame baay’ee isaa of keessatti qabatu.Baattotni elektiroonotaa lameen kuni elektiroonota caccabinsa soorata irraa argatan  kana Sirni geejiba elektiroonii walqabataa ta’eef laatu.

Elektiroonotni yammuu irraa gadee sirna geejiba elektiroonii walqbabataa ta’ee yaa’ani omisha ATP karaa foosfooraayileeshinii oksideetiivii uumamu si’eessuuf gargaaru. Elektiroonotni saayitookiroomsota dabalatee pirootinoota hedduu    keessa darbanii O2 qaqqabu. sirna geejiba elektiroonii walqbabataa kallattiidhaan ATP tokko illee hinomishu. sirni geejiba elektiroonii walqbabataa ta’e kuni kufiinsa anniisa bilisaa guddaa soorataa fi O2 jidduu jiru sadarkaalee xixiqqoo to’atamuu danda’utti qooda. Sirni geejibaa kun kan argamu membireenii  keessaa (kiristee) maayitookondoriyaa keessattidha.Baattotni elektiroonotaa kuni baay’een isaanii pirootinoota ta’anii bifa kompileeksii pirootinoota hedduu (multicomplex pirotein) dhaan kan argamanidha.

Anniisaan bilisaa elektiroonotaa  akkuma irraa gadee sirna geejiba elektiroonii walqbabataa ta’e keessa darbaa deemaniin gadi bu’aa dhufuun dhuma irratti  elektiroonotni gara O2 darbuun  bishaan uumu(Fakkii 4.8).

Waliin Raawwachuu  Yaa’insa Elektiroonota fi Omisha ATP /Energy coupling Mechanisim/

Yaa’insi elektiroonotaa keessa sirna funcaa geejiba elektiroonii walqababataa akka ayooniin haayidiroojinii maatriksii maaytookondoriyaa keessaa gara gola   jidduu membireenii  keessaa fi alaatti  (intermembrane space)  yaa’an isaan taasisa.Sababa garaagarummaa cunqoo ayoonii haayidiroojinii(H+) irraan kan ka’e, ayooniin haaydiroojiini (H+)n gara maatirksii maayitookondoriyaatti  keessa membireenii kan pirootiinii ATP sinteez jedhamu of irraa qabuun  keessaatti deebi’a. ATP sinteeziin yaa’insa H+ membireenii keessaa gara keessa maatiriksiitti isaa keessa darbuu fi hubnaawaa ta’e (exergonic) kana foosfooraayileeshinii ADP kan humna barbaadu omishuuf dhimma itti baha.Garaagarummaan cunqoo H+ jidduu membireenii fi maatiriksii maayitokondoriyaatti uumame hubna pirootoon motiiv jedhama.Walumaagaltti qubama soorataa qilleensawaan ATP 36-38 Gulukoosii molekiyuulii tokko irraa oomishama. kuni akka armaan gadiitti herregama.

  • NADH ð 3ATP
  • FADH2 ð 2ATP
  • GTP ð 1ATP
  • Gilaayikoosisi keessatti foosfooraayileeshinii kallatiin                             2 ATP
  • Gilaayikooliisisiirraa foosfooraayileeshinii                2NADH                6ATP
  • Asiidiin paarvvikii lama gara aseetaayil CoA lamatti yemmu geeddaramu  2NADH                       6ATP
  • Al kallattiin                        6NADH                    18ATP

-2FADH2                       4ATP

                                               Ida’ama  38ATP

Fakkii 5.9 Sirna geejiba elektiroonii walqbabataa

5.1.5. Raacata’uu:- Adeemsa kana keessatti sooranni oksijiinii malee gubachuun anniisaa kenna. Akka yeroo ammaa kana yaadamutti, lubbuun atmoosfari oksijiinii hinqabne keessatti uumamte jedhamee amanama. Kanaafuu lubbu-qabeeyyiin jalqaba dachee irratti uumamaa kanneen oksijiinii malee  jiraatani turani . Yeroomas orgaanizimoonni oksijiinii malee  annisaa argatan ni jiru.

 Fakkeenya:- Raacitii, baakteeriyaa muraasa, maxxantoota mar’imanii  kannneen akka raammoo minii fi K.K.f

Orgaanizimoonni oksijiinii malee anniisaa argatan yookiin jiraatan bakka lamatti hiramu. Isaanis kaneen dirqama oksijiinii malee jiraatanii (obligate anaerobes) fi  kanneen yeroo oksijiiniin gahan jiru, oksijiinii  fayyadaman , kan garuu yoo oksijiiniin gahaan hin jiraanne oksijiinii malee jiraataniidha (faculitative anaerobes)

Adeemsa reespaayireeshinii qilleensa malee raawwatamu keessatti sooranni guutumatti hincaccabu. Kanaafuu anniisaan adeemsa kanaan sorata irra  argamu xiqqaadha . Adeemsa kanaan  molokiloonni ATP oomishaman  lama (2) qofa. Firii adeemsichaan argamu irratti hundaa’uun reespaayireeshiniin qilleensa malee bakka lamatti hirma.

a/ Raacataa’uu alkoolii/  Alcoholic fermentation/

   Adeemsa kana keessatti sukkaarri (Gulukoosiin) oksijiinii malee gargaarsa maayikiro orgaanizimootaatiin caccabee alkoolii fi Co2  uuma.

C6H12O6                        2CHOH +2CO2+Anniisaa (2ATP)

b) Raacataa’uu Laakteetii (Lactate fermentation)

Adeemsi kun sukkaara (gulukoosii) oksiijiinii malee gara asiidii laaktikiitti jijjiira Raaciteessuun laakteetii kan gaggeffamu yeroo maashaaleen garmalee  kottoonfachuu irraa kan ka’e anniisaa heddu isaan barbaachisuu fi fedhiin anniisaa dandeettii qaamni oksijiinii dhiheessu ol yeroo ta’e.

C6H12O6                    2C3H6O3 +2CO2+Anniisaa (2ATP)

 Gulukoosii                Asiidii Laaktikii                    

5.2. Footosinteesisii

5.2.1.Caasaa Kilooroopilaastii

Kilooroopilaastiin orgaanelii halluu magariisa qabuu fi kompawundii kilooroofilii jedhamu irraa maddu qaba. Kilooroopilaastiin akkuma maayitookondoriyaa membereenii dachaadhaan kan haguugame dha. Keessi isaa dhangala’oo adda addaa pirootinii, lippiidii fi enzaayimoota kan adeemsa fotooseenteesisii dhaaf barbaachisan qaba. Bakki kunis stiroomaa jedhama. IStiroomaan  kilooroopilaastii maatiriksii maayitookondoriyaa wajjin wal-fakkeenya qaba. Keessi kilooroopilaastii sirna membereenii walxaxaa ta’e qabu. keessaa  caasaan baxxee ta’ee dhangala’aa of keessaa qabu kun taayilaakoolyidii jedhamee waamama. Membereeniin taayilaakooyidii mana pigimentoota ifa aduu xuuxuudhaan ATP omishuuf gagaraniiti. Membireeniin  taayilaakooyidiin toora galee walbira tataa’uudhaan caasaa giraanaa jedhamu uuma.  Caasaan taayilaakooyidiiwwan giraanaa lama wal qabsiisan laamellaa jedhamuun beekamu.

Fakkii 4.8.Caasaa kilooroopilaastii

5.10 Pigimentoota Footoosinteesisii

Molekiyuulotni kanneen ifa, reenjii mula’achuu danda’u keessaa, xuuxuu danda’ani pigimentota jedhamu.Orgaanizimootni adda addaa yeroo  adda addaa jijjiirama suuta sutaa keessaa pigimenttota adda addaa qabaachaa turani.Akka walii galaatti  biqiloota magariisaa  keessatti adeemsa footoosinteesisiif  barbaachisoo ta’an pigimentotni lama jiru.Isaanis karootenooyidii fi kilooroofiliidha.

Kilooroofilii- Biqiloota magariisaa keessa gosootakilooroofilii lamatu jiru.Isaanis kilooroofilii a fi kilooroofilii b jedhamu. Kilooroofilii “a”n pigimentii footoosinteesisii isa baay’ee barbaachisaa ta’edha. Kilooroofiliin kun pigimenti isa tokkicha kallattiidhaan anniisaa ifa aduu gara annisaa keemikaalawaatti jijjiiruu danda’udha. Kilooroofilii “b”n pigimentii ifa aduu xuuxuu keessatti akka pigimentii gargaaraatti ykn pigimentii lammaffaatti kan tajaajiludha.Kana jechuun reenjii spektiramii ifaa kan kilooroofilii”a”n xuuxuu hindandeenye  kilooroofilii “b”n xuuxuudhaan anniisaan ifa aduu xuuxamu guddisuun waliin hojjetu.

Karootenooyidii- pigimentoota gargartota ta’anidha. Pigimentootni kun reenjii spektiramii ifa kan kilooroofilii “a” fi “b” n xuuxuu hindandeenye xuuxuudhaan hammi anniisaa ifaa xuuxamu akka guddatu gargaaruudhaan adeemsi footoosinteesisii akka gahaa ta’u kanneen gargaaranidha.

5.2.3.Walnyaatinsa  Hirkataa Ifaa fi Walnyaatinsa Miti Hirkataa Ifaa

Footoosinteesisii keessatti anniisaan ifa aduu walnyaatinsa duraa duubaan rawwatee  molekiyuulota  orgaanikii heddu omishuuf gargaara. Anniisaan  ifa aduu sirna kana seene molekiyuulota orgaanikii keessatti qabama.Yammuu anniisaan  bifa tokko irraa gara bifa biraatti jijjiiramu tiraansiduusdii ta’e jenna.  Anniisaan  ifa aduu pigimenttota adda ta’an, footoo sensitiivii,jedhamaniin’ kan akka kilooroofilii a fi b n fudhatama.Walnyaatinsi hirkataa ifa aduu kan raawwatu membireenii taayilaakoolyidii kilooroopilaastii keessattidha. Istiroomaan dhangala’oo bakka Walnyaatinsi  hirkataa ifaa hintaane itti raawwatudha.

Kilooroofilii fi molekiyuulotni pigimentoota biroo footoo sensitiivii ta’an qindoomanii sirna footoo addaa  kan sirna geejjiba elektiroonii waliin walqabatu uumuu. Molekiyuulota sirna footoo fi sirna  geejiba elektiroonii membireenii taayilaakoolyidii keessatti maxxananii kan argamanidha.Maxxananii argamuun isaanii kun osoo bulbulaa istirooma keesaa bololi’an caalaa akka milkaa’aan isaan gargaara.Sirna footoo adda addaa  kanneen tokkoon tokkoo isaanii ifa dheerina weevii adda addaaf si’attoota ta’an  fi sirna geejiba elektiroonii waliin walqabatan lama jiru. Isaanis sirna footoo I fi sirna footoo II jedhamu.

CAASAA SIRNA FOOTOO

Sirni footoo molekiyuulota pigimentii hedduu kan hundi isaanii molekiyuulii kilooroofilii adda  ta’e marsanii gurmaa’anidha. Molekiyuulotni kilooroofilii adda ta’e kunis wiirtuu walnyaatinsaa jedhamuun beekama.Gurmuun pigimentotaa kun walxaxaa anteena jedhama. Molekiyuulii wiirtuu walnyaatinsaa qofaatu sirnageejiba elektirooniitti aanee argama.Anniisaan molekiyuulota biroo sirna footootiin xuuxame gara molekiyuulii wiirtuu walnyaatinsaatti darba.

Molekiyuulotni pigimentota adda addaa walxaxaa anteenaa anniisaa ifaa dheerina dambalii adda addaa xuuxu. Kuni   immoo sirni kun akka waliigalaatti milkaa’ina guddaa akka qabaatu isa taasisa. Pigimentootni walxaxaa anteenaa keessaa kilooroofilii a, b fi karootenooyidiidha. Molekiyuuliin  wiirtuu walnyaatinsaa  yeroo hundaa  kilooroofilii a dha.

Fakkii 5.11 Walxaxaa anteenaa sirna footoo

Walnyaatinsa  Hirkataa Ifaa

Walnyaatinsi hirkataa ifaa anniisaa ifaa omishaa molekiyuulotaa lamaa gaggeessuuf fayyada. Molekiyuulotni lameen kunis :

  • ATP- madda anniisaa walnyaatinsa hirkataa ifaa hinaanee
  • NADPH- madda ayoonii hayidiroojinii walnyaatinsa hirkataa ifaa hintaanee

Sirna Footoo I fi Sirna Footoo II

  1. Elektiroonotni(e-) molekiyuulii kilooroofilii sirna footoo II anniisaa footoonsii  irraa argatanii hubnoomuu (excited). Elektiroonotni  sirna footoo kanaa  sababa anniisaa darbaa argataniif  kilooroofilii irraa utaaluudhaan gara fuutuu elektirooni dursootti darbu.
  2. Haalli kilooroofilii sirna footoo kana keessatti uumame kuni taatee armaan gadiif sababa ta’a.

2H2O                                   O2 +4H+ +4e.  Addaan bahinsi bishaanii hirkataa ifaa ta’e kun footoolaayisisii jedhama.

  1. Fuutuun elektiroonii dursoo elektiroonota gara fuutuu elektiroonii sirnageejiba elektiroonii itti aanee jiruutti dabarsa. Fuutuun  elektiroonii sirnageejiba elektiroonii fuutuu  elektiroonii  dursoo itti aanee argamu kuni pilaastookuyinen(pq) jedhama. Elektiroonotni sana booda sirnageejiba elektiroonii kana keessa  duraa duubaan darbuudhaan dhuma irratti pilaastoosiyaaniinii(PC) ,fuutuu elektiroonotaa kan dhuma sirna geejiba elektiroonii sirna kanaa qaqqaba.
  2. Walxaxaa saayitookiroomsii keessaa molekiyuuliin tokko kan pirootoonii stiroomaa keessaa gara keessaa taayilaakooyidiitti geejibudha. Akkuma  elektiroonotni sirnageejiba elektiroonii keessa darbaniin anniisaa dhabaa deemu.Annisaan dhabamaa dhufe kunis geejibaa pirootoonii istiroomaa keessaa gara keessa taayilaakooyidiitti geejibuu  dandeessisa. Haalli kun kuufama pirootoonii keessa taayilaakooyidiitti dabaluudhaan kemiyoosmoosisii kan omisha ATP sababa ta’u uuma.
  3. Yammuu sirni footoo I footoonii ifaa xuuxu elektiroonotni molekiyuulii kilooroofilii sirna footoo I ni hubnoomu. Kuni immoo  elektirooniin kilooroofilii irraa utaaluudhaan  fuutuu elektiroonota dursootti akka darbaan isaan dandeessisa. Molekiyuulotni kilooroofilii sirna footoo  I  elektiroonii  sirna footoo II irraa argataniin bakka buufatu.
  4. Elektiroonotni sana booda sirna geejjiba elektiroonii isa lammffaadhaan geejjibamu. Dhuma irrattis elektiroonotni kun pirootoonii  fi NADP istiroomaa keessatti walnyaachuun NADPH uumu.

Fakkii  5.12. Sirnaalee footoo

Walnyaatinsi Hirkataa Ifaa Hintaane

Walnyaatinsi footoosinteesisii hirkataa ifaa hintaane stiroomaa kilooroopilaastiikeessatti raawwata.Walnyaatinsi kunneen walnyaatinsaa walxaxaa marsaa hedduu  ofkeessaa qabuu fi kompaawundii molekiyuulii kaaarbonii shan qabatee dursee kilooroopilaastii keessa jiru irratti CO2 ida’u kan dabalatudha.Tartiibni Walnyaatinsaa kun kan yeroo duraaf argate baayoloojistii Amerikaa ,Melviin Kalviin, jedhamuunidha.Kana irraa kan ka’e marsaan kuni marsaa Kalviinii jedhamuun beekama.

Sadarkaalee Walnyaatinsaa Miti hirkataa Ifaa

  • CO2n raaybuloos baayfoosfeetii (RuBP), kompaawundii karbonii shaan qabaatee stiroomaa kilooroopilaastii keessatti argamu,waliin walnyaata. Walnyaatinsi kunis inzaayimii rubiskoo jedhamuun si’eessama.
  • Molekiyuulotni kompaawundii karbonii asdii qaban kana irraa,foosfoo gilaayseretii(GP) lamatu uumama.
  • Tokkoon tokkoo GP gara tiriyoozii foosfeetiitti (TP) jijjiiramu. Walnyaatinsi kun walnyaatinsa ridaakshnii waan ta’eef anniisa barbaada. Kanaafuu, maddi anniisaa ATP dura Walnyaatinsi hirkataa ifaa  keessatti uumamamee ture yammuu ta’u maddi ayoonii haayidiroojinii immoo akkasuma NADPH dura Walnyaatinsi hirkataa ifaa keessatti uumamee turedha.
  • TPn muraasni as keessatti  uumame,RuBP, deebisanii uumuuf kan gargaarani yammuu ta’ani kaan immoo gara giluukoosii fi kompaawundoota faayidaa qabeessa ta’an biro omishuuf oolu.

Footoosinteesisii C3

Adeemsa kana keessatttti kompaawundiin walnyaatinsa  hirkataa ifa aduu dura marsaa Kalvinii keessatti uumaamu,GP, n karbonii sadii wan qabuufidha.Biqilootni  C3 baala footoosinteesisii kana gaggeessuuf madaqinsa adda addaa qabu.Baallii biqiloota kanaa  anniisaa ifa aduu  hamma argamuu danda’u xuuxuuf babala’oo kan ta’anidha.Seelotni kilooroopilaastii hedduu  qaban (seelotni pilaaseedii) dirra isa gara olii dhiyaatanii argamuudhaan xuuxinsa anniisaa ifa aduu akka dabalu taasisa.CO2n keessa baalaatti akka seenuuf  guyyaa yeroo dheeraaf banaadha; garuu qisaasamni bishaanii xiqqeessuuf guyyaa  bay’ee ho’aa ta’e cufamuu danda’aa.Mesoofiliin ispoonjii  bakka qilleensaa (air space)  kan CO2 fi O2 salphaatti baqqaanaa paaliseedii fi stoomaataa  gidduu tamsa’uuf gargaaru qabu.

Biqilootni tirooppikii  rakkoo guddaa qabu. Bakki kun  sababa baay’ee ho’uuf qisaasama bishaanii hambisuuf  baalli stoomaataa  isaa cufa. Biqilootni  C3 stoomaataa isaanii yammuu cufatani cunqoon CO2  waan xiqqaatuuf  inzaayimiin “Rubisco” haala adda ta’een dalaguu eegala.Haala cunqoon  CO2 xiqqaa ta’e keessatti Rubiscon  CO2 waliin osoo hintaane O2 waliin walnyata. Kana jechuun RuBPn gara  GP lamaatti osoo hinta’iin  gara GP tokkoo fi foosfoo gilaaykooleetiitti oksidaayzdii ta’a. Adeemsi akkasii kunis footoo respaayireeshinii  jedhama. Sababni isaas oksidaa’uu karboonii waan of keessaa qabuufidha.

Raayibuloos baayfoosfeetii +O2     Rubiskoo       GP +foosfoo gilaaykoleetii

Molekiyuuliin GP tokko footoo respaayireeshinii   kana keessatti omishamu marsaa Kalvinii seena. Foosfoo gilaaykooleetiin dirqama  Walnyaatinsa wal xaxaa  ta’een gara GP marsaa Kalvinii seenuu danda’utti jijjiiramuu qaba. Footoo respaayireeshiniin gabaabumatti sadarkaa lama qaba.Isaanis:

  1. Rubiscon walnyaatinsa O2 fi RuBP si’eessuudhaan molekiyuulii GP tokkoo fi molekiyuulii foosfoo gilaaykooleetii uuma.
  2. Foosfoo gilaaykooleetiin Walnyaatinsa kilooroopilaastii, periiksoosoomii, fi maayitookondriyoonii keessatti raawwachuun  gara GP tti jijjiirama.

Footoo respaayireeshiniin sababoota armaan gadiif gahumsa footoosinteesisii qisaasessaa.Isaanis:

  • Adeemsa kana keessatti faallaa footoosinteesisii kan kaarboniin keessatti gara kaarboohaayidireetii rediyuusdii ta’uu, karboniin oksidaayizdii ta’a. Foosfoo gilaaykooleetiin  dhabamsiifamuun raaybuloosbaayfoosfeetiin deebi’ee uumamuu qaba.
  • Adeemsi ittiin RuBPn deebi’ee uumamuu kana keessatti  ATPn faayidaa irra oola.

Fakkii 5.13. Sadarkaa marsaa Kalvinii

Footoosinteesisii C4

Rakkoo footoo respaayireeshinii  kan gahumsa  footoosinteesisii hir’isu furuuf biqilootni trooppikaalii akka Itoophiyaa keessatti guddatani (kanneen akka boqqolloo, shonkoraa fi kkf) karaa footoosinteesisii biro footoosinteesisii C4 jedhamu hordofu. Akkuma maqaan isaa ibsutti kompaawundiin dura Walnyaatinsa kana keessatti uumamu kompaawundii karbonii sadii qabu,GP, osoo hita’iin kompaawundii karbonoo afur qabudha. Karaa footoosinteesisii biqiloota C4 keessatti Walnyaatinsi hirkataa ifaa Walnyaatinsi hirkataa ifaa  biqiloota C4 irraa haala adda ta’een raawwata. Biqiloota  C4 kana keessatti Walnyaatinsi hirkataa ifaa seelota meesoofiilii  kilooroopilaastii  taayilaakooyidii qaban keessatti raawwata. Garuu seelotni kuni sababa inzaayimiin Walnyaatinsa marsaa Kalvinii si’eessu hinqabneef Walnyaatinsi haala armaan gadiin raawwata.

  1. CO2 n kompaawundii karbonii sadii, foosfooinnool paayiruuveetii (PEP), waliin walnyaachuudhaan kompaawundii karbonii afur qabu,ogzaaloo asseteetii, uuma. Walnyaatinsi kunis PEP karboogzileeziidhaan si’eessama.
  2. Ogzaaloo asseteetiin gara kompaawundii karbonii afur qabu birootti,maaleetii ttii, jijjiirama.Maaleetiin  seelota mesoofiilii irraa gara seelii baandilsheeziitti darba.
  3. seelii baandilsheezii keessatti maaleetiin molekiyuulii CO2, kan marsaa Kalvinii eegaluudhaaf gargaaru, gadi lakkisuun gara paayiruuveetiitti jijjiirama.
  4. Paayiruuveetiin gara foosfooinnoolpaayiruuveetii geeddarama. 

Akka waliigalaatti marsaan C4 biqiloota marsaa C3 caalaa molekiyuulii  CO2 tokko  Rubisco biraa geessisuuf  ATP lama ykn isaa ol fayyadama. Footoosinteesisiin C4 haalota armaan gadii keessatti  gahumsa guddaa qabaata.

  • Cunqoon CO2  xiqqaa keessatti
  • Hamma ifaa guddaa fi
  • Tempireecherii olka’aa

            Fakkii 5.13.Sadarkaalee footoosinteesisii biqiloota C4

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.