Curriculum, Instruction, and Assessment in Primary School – TECS 112

Haala Waliigalaa Korsichaa

  1. Seensa Barnootichaa

Barnoonni kun barsiisonni sadarkaa 1ffaa gosa barnootaa adda addaa barsiisuuf ga’umsawwan barbaachisoo akka horachuu danda’aniif itti yaadame kan qopha’edha. Koorsichis yoo xiqqaate torban tokko keessatti sa’aa sadii kan baratamuufi boqonnaawwan shan kan of keessatti hammatedha. Boqonnaan 1ffaan maalummaa barumsaa, bifoota barumsaa, maalummaa sirna barnootaa, bu’uuraalee sirna barnootaa, moodeloota qophii sirna barnootaafi adeemsa qophii sirna barnootaa kan of keessatti qabatedha. Kaadhimamtoonni barsiisotaa boqonnaa 1ffaa keessatti akkaataa qophii sirna barnootaa erga baratanii booda boqonnaa 2ffaa keessatti immoo itti fufiinsa boqonnaa 1ffaa kan ta’ee hojiirra oolmaafi madaallii sirna barnootaa akkasumas seenaa dagaagina barnoota Itoophiyaa baratu.

Boqonnaa 3ffaa fi 4ffaakeessatti hojiirra oolmaa sirna barnootaa keessatti gahee guddaa kan qaban waa’ee malleen baruu-barsiisuu gosoota barnootaa adda addaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisuuf gargaaranfi qophii karoora barnootaa sadarkaa adda addaa waliin kan wal- baraniifi qabatamaan kan keessatti shaakalandha. Malleen baruu-barsiisuu wajjiin walqabatee, daree barattoota hedduu barsiisuuf qabxiilee xiyyeeffannoo argachuu qabaniifi barattoota fedhii addaa qaban barsiisuufi iyyaafachuu /madaaluu/ keessatti haalawwan hubatamuu qaban dhiyaatanii jiru. Boqonnaa isa dhumaa (5ffaa) keessatti hooggansa daree barnootaa, walitti dhufeenya daree keessatti barattoota akkasumas barsiisaafi barattoota gidduu jiraachuu qabutu dhiyaata. Kunis barsiisonni daree qindeessuun hawwataa godhanii barnoota haala barattoota ofitti harkisuu danda’uun barsiisuu akka qaban kan hubachisudha.

Kaadhimamtoonni barsiisotaa kan hubachuu qaban barnootan kun qabiyyee bal’aa ogummaa barsiisummaa keessatti barbaachisoo ta’aniifi bira darbamuu hinqabne of keessatti hammatee jira waan ta’eef yeroo gabaabaa koorsichaaf kenname keessatti fxumuruuf waan rakkisuuf, osoo gara daree hindhufiin dura dubbisuun gochaalees shaakaluun barbaachisaadha. Itti dabalaaniis barnoota kana keessatti jechoonniifi himoonni koorniyaan dhiira agarsiisan haala walqixa ta’een dubaraafis kan dhaabbatan ta’uu beekuu qabna. Haaluma kanaan akka kaadhimamaa/ttuu barsiisaa/ttuu tokkootti qabiyyeewwan armaan olitti heeramaniifi kanneen biroo barnoota kana

keessa jiran hundaaf xiyyeeffannoo kennuun, ga’umsiwwan barnootichaa akka gonfattaniif tattaaffiin isinirraa eegama; abdii guddaas isinirraa qabna.

2.     Ga’umsa Koorsicha:

Kaadhimamtootni barsiisotaa barnoota kana sirritti baratanii yoo xumuran:

  • Maalummaa barumsa ni himu.
    • Bifoota Barumsaa adda ni baasu.
    • Barumsii maaliif akka gaggeeffamu ni ibsu.
    • Faayidaalee barumsaa ni dinqisiifatu.
    • Sirna barnootaa haala ilaalcha adda addaa keessatti ni ibsu.
    • Gahee barsiisaa/ttuu haala ilaalcha sirna barnootaa adda addaan hojiiirra ni oolchu
    • Adeemsa qophii sirna barnootaa ni ibsu.
    • Sirna barnootaa qopheessuu ni shaakalu.
    • Barbaachisummaa madaalliifi jijjiirama sirna barnootaa ni himu.
    • Seenaa dagaagina barnoota Itoophiyaa adda addaa ni ibsu.
    • Qabatamtoota hojiirra oolmaa sirna barnootaarratti dhiibbaa geessisan adda ni baafatu.
    • Namuusa hojiin barsiisumma barbaadu ni eegu.
    • Malleen baruu-barsiisuu manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti hojiirra oolan ni shaakalu.
    • Karoora barnootaa sadarkaa adda addaa ni qopheessu.
    • Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti gahee karoorri barnootaa qabu ni xiinxalu.
    • Daree barnootaa isaanii sirritti qindeessanii ni hogganu.
    • Akkaataa hoggansaafi gahee isaan daree barnootaa hogganuu keessatti qaban ni ibsu.
    • Tooftaalee naamusa daree eegsisuuf gargaaran ni tarreessu.
    • Daree barattoota hedduu barsiisuu keessatti tarsiimoowwan hojiirra ooluu qaban adda ni baafatu
    • Barsiisa isaanii keessatti barattoota fedhii addaa qabaniif xiyyeeffannaa ni kennu.
  • Tooftaalee Dhiyeessii Barannoo Kanaa

Barnootan kun kaadhimamtoota barsiisotaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa (Kutaa 1–4) keessatti barsiisuuf barataniif qophaa’e. Haaluma kanaan dandeettiifi ogummaa iyyaafannoo

barachuu barattootaa kaadhimamtoota barsiisotaa kutaalee kunneen keessattii barsiisuuf barachaa jiran ijaaruuf yaadamee kan qophaa’edha. Qabiyyeefi gochaaleen moojula kana keessatti kennaman gosoota barnootaa kutaa 1–4 irratti kan bu’uureffamanidha. Kanaaf, qabiyyeewwan barnoota kanaa hubachuufi gochaalee akkaataa barbaadameen hojjechuuf, kaadhimamtoonni meeshaalee sirna barnootaa kutaa 1-4 kanneen asii gadii hunda Kolleejjii keessatti argachuun dirqama.

  1. Kitaabilee barattootaa
  2. Qajeelcha barsiisotaa
  3. Siilabasii kutaalee 1 – 4

I.                                   Mala baruu-barsiisuu Moojulichaa

Moojula kanaa keessatti barsiisotni mala baruu-barsiisuu barataa giddugaleeffate(malleen si’aayinaan barachuu) fayyadamuun kan barsiisan ta’a. Kunis mala hojii garee, mala agaree, mala dhiyeessii, pirojektii, daawwannaa, od-ibsa, od-ibsa boqota, mala mareefi kanneen biro akkaataa barbaachisummaa isaaniitti fayyadamuun kan barsiifamudha.

II.        Tooftaalee Iyyaafannoo Moojulichaa

Tokkoon tokkoo mata-dureewwan boqonnaa kana jala jiran tooftaalee iyyaafannaa garaagaraa gargaaramuun iyyaafannaa nigaggeessu. Kunis ga’umsa kaadhimamtootni gonfatan ittiin adda baasuuf kan gargaarudha. Isaanis: Battallee, gaaffii afaanii /qomaa, yaalii, hojii daree, hojii garee, hojii manaa, pirojektii, poortifooliyoo, abbaltii dhuunfaafi garee, madaallii dhuunfaa, dhiyeessii, qabiyyeewwan filatamoo dubbisuufi kkf fayyadamuun ni danda’ama. Fakkeenyota garaagaraa barsiisotni kennan irratti hundaa’uun mata- dureewwan armaan gadiirratti kaadhimamtootni barsiisotaas irratti yaada wal-jijjiiru. Mata- dureewwan kunis: yaad-rimeewwan bu’uuraa iyyaafannoo, akaakuuwwan iyyaafannoo walitti fufaa, iyyaafannoofi ga’umsa, murnoota ga’umsaa, wal-fakkeenya barsiisaafi ogeessa fayyaa, wal-simannaa iyyaafannoon barachuufi malleen baruu barsiisuu, iyyaafannoon barachuu ga’umsa bu’uureffate, yaad-rimee yaad-deebii, barattoota daree hedduu, hooggansa barattoota daree hedduu, yaad-rimee iyyaafannaa raawwii, meeshaalee iyyaafannaa raawwii, maalummaa yaalii, yaalii karoorsuufi qopheessuu, wixinee yaalii, safartuu giddugaleessaa, gaaffii yaalii qaaccessuufi kkfdha.

III.      Gahoo qabxii Tooftaalee Madaallii adda addaa Moojulichaa

Lk.Gochaalee qabiyyee keessatti ibsamanii jiranQabxii hamma qabatu
  1Hojii dhuunfaa × 420%
Hojii garee × 420%
Hojii piroojektii gareen × 210%
2Yaad-deebii       barattootni       gareen/       dhuunfaan dhiyeessan10%
3Qormaata Walakkeessaa15%
4Qormaata Xumuraa25%
 Walumaagalatti100%
  1. Meeshaalee Barnootaa

Meeshaalee barnootaa kan jedhaman kanneen akka meeshaalee ittiin baratanii (boronqii, haqxuu, kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaafi kkf)fi meeshaalee akka deeggarsa barnootaatti gargaaranidha. Meeshaaleen kunniinis: moojula, kitaaba barataa kutaa1-4, qajeelcha barsiisaa kutaa 1-4, silabasii barnootaa kutaa 1-4, kitaabilee wabii garaagaraa, filiippi chaartii, LCD (pirojeektarii), meeshaalee barnootaa filatamoo ykn mata-duricha waliin deeman kutaa Handhuura Gabbisa Barnootaarraa (HGB) keessaafi kkfdha.

Boqonnaa 1: Barumsaafi Sirna Barnootaa

Seensa

Kaadhimamtoota barsiisotaa, boqonnaan kun qabiyyeewwan kanneen akka hiika barumsaa, bifoota barumsaa, barbaachisummaa barumsaa, maalummaa sirna barnootaa, bu’uuraalee sirna barnootaa, moodeloota qophii sirna barnootaa, adeemsa qophii sirna barnootaafi gahee barsiisonni qophii sirna barnootaa keessatti qaban irratti xiyyeeffata. Kanaafuu, sirna barnootaa haalaan hojiirra oolchuufi barumsa barattootni barachuu qaban sirriitti barsiisuuf, dandeettiifi ogummaa isin barbaachisu horachuuf qabiyyeewwan boqonnichaa sirriitti hubachuun isin irraa eegama. Kana malees tokkoon tokkoon mata duree daree keessatti barachuun dura dhuunfaan dubbiftanii dhufuun gocha isinirraa eegamudha.

Ga’umsa Boqonnichaa

Xumura boqonnaa kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaa barumsaa ni himu.
    • Faayidaa barumsi qabu ni diqisiifatu.
    • Bifoota barumsaa adda ni baafatu.
    • Maalummaa sirna barnootaa ni ibsu.
    • Bu’uuraalee sirna barnootaa adda ni baafatu.
    • Moodeloota qophii sirna barnootaa adda adda ni ibsu.
    • Moodela sirna barnoota adda addaa baratan sirna barnootaa amma Oromiyaa keessatti hojii irraa oolaa jiru waliin wal bira qabanii ni xiinxalu.
    • Adeemsa sirna barnootaa qopheessuu ni ibsu.
    • Ulaagaalee filannoo qabiyyeewwaniifi muuxannoowwan barannoo adda ni baafatu.
    • Seer-bu’uuraalee qindoomina sirna barnootaa adda addaa ni madaalu
    • Ulaagaalee qindoomina sirna barnootaa ni ibsu.

.

1.1.     Hiika Barumsaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaa barumsaa ni himu.
Text Box: Gocha 1.1: Hojii Garee
Kaadhimamtoota barsiisotaa, gareen ta’uun barumsa jechuun maal jechuu akka ta’e, akkasumas sababoota hiikni barumsaa akka baay’atu taasisan irratti mari’adhaa.

Sababoota ijoo hiikni barumsaa akka baay’atu taasisan ni tarreessu.

Yaad-rimee “barumsa” jedhuuf haayyonni barumsaa hiika heedduu kennu. Kunis kan ta’uu danda’eef sababoota armaan gaditti dhiyaatanirraa kan ka’edha.

  • Haayyonni barumsaa adda addaa muuxannoo, ilaalchaafi amantaa mataa isaaniirraa ka’uun, akkasumas hawaasa keessa jiraatan irratti hundaa’uun yaad-hiddamaafi falaasama barumsaa dhiyeessu. Hiikni isaan kennanis falaasamaafi yaad-hiddama kanarratti hundaa’a.
  • Sababni kan biraa barumsi barnoota hedduu of keessatti haammachuu isaati. Fakkeenyaaf, akkaataa beekaan barnoota herregaa itti barumsa hiikuufi akkaataa beekaan seenaa tokko itti hiiku tokko ta’uu dhiisuu danda’a.
  • Babal’inni beekumsaa, dagaaginni saayinsiifi tekinooloojiis hiikoleen barumsaa  yeroodhaa gara yerootti akka jijjiiramaniif gahee guddaa taphatu.
  • Amaloota wal-xaxaa sansaka namootaafi kkf irraa kan ka’e hiikni yaad-rimee barumsa jedhuuf kennamu akka baay’atu ta’eera.

Haaluma kanaan, mee akka fakkeenyaatti hiikolee armaan gadii haa ilaallu.

  • Barumsi dogongora xiqqeessaa gara sirroominaatti tarkaanfachuudha.
  • Barumsi jireenya fooyya’aa taheef kan dhala namaa qopheessudha.
  • Barumsi beekumsa, muuxannoofi kkf dhalli namaa horate dhaloota itti aanutti dabarsuudha.
  • Barumsi     adeemsa    walitti-fufinsa    qabu     ykn    kan    walirraa     hincinne,                  kan            itti muuxannoowwan kuufachaa, jireenya fuulduraatti tarkaanfatanidha.
  • Barumsi muuxannoo adda addaa guyyaa dhalootaa kaasee hanga du’aatti nama mudatudha.
  • Barumsi adeemsa yeroo dheeraati. Kana jechuun, barumsi adeemsa umurii guutuu gaggeeffamu ta’uu isaa ibsa. Hikni kun keessaayyuu barumsa miilta’aa kan calaqisiisudha.
  • Barumsi adeemsa gar-lameeti. Kun hariiroo nama barsiisuufi kan baratu gidduutti jiru kan agarsiisudha.
  • Barumsi adeemsa itti yaadamee raawwatamudha.
  • Barumsi muuxannoowwan bifa adda addaan argaman hunda dabalata. Maatiin, mana barumsaa, mana sagadaa, hiriyyaa, hawaasniifi meeshaaleen sab-qunnamtii adda addaa madda barumsaa ta’uu ni danda’au.
  • Barumsi carraafi danqaa jireenya keessatti nama mudatu wal simsiisuun, rakkoolee jireenya keessatti nama mudatan hiikkachuuf akkasumaas gahee hawaasa keessatti nama irraa eegamu ga’umsaan ba’uuf ykn jireenya hunda-galeessaaf kan nama qopheessudha.
  • Barumsi aadaa hawaasaa innis; meeshaalee, tekinooloojii, afaaniifi afoola, muuziqaafi aartii, saayinsiifi herrega, akkasumas dudhaalee dhalootaa gara dhalootaatti dabarsuuf gargaara.

Walumaagalatti hiikolee armaan oliirraa akka hubachuun danda’amutti yaad-rimeen barumsa jedhu hiikolee hedduu haalawwan adda addaa bu’uura godhachuun kennaman kan qabu ta’uu isaati. Barumsi hiikolee adda addaa qabaatus galmi waliigalaa isaa tokko waan bifa qindoomina qabuun dhaabbilee barnootaa keessatti akka hojiirra ooluuf sirni inni hordofee adeemuu qabu jiraachuun barbaachisaadha.

Amaloota Barumsaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

Text Box: Gocha 1.2: Hojii Dhuunfaa
Muuxannoo hanga ammaatti barumsa irratti qabdu irraa ka’uun amaloota barumsaa tareessi.

Amaloota barumsaa ni tareessu.

Akka hayyoonni barumsaa jedhanitti, barumsi amaloota/xabiyyoota (characteristics) armaan gadii qaba.

  • Barumsi adeemsa hawaasumaati. Hawaasni bu’uura barumsaati. Hawaasni hinjiru taanaan barumsi jraachuu hindanda’u jechuudha. Kara biraammoo, barumsi walitti dhufeenya hawaasaa cimsa.

Waltti dhufeenya hawaasaa keessatti itti yaadee, karoorfatee beekumsa, ilaalchaafi ogummaa kan wal irraa barachuu danda’u dhala namaa qofadha. Barumsi gad-fageenyaan irratti yaaduufi xiinxaluu waan gaafatuuf, dandeettii kana kan qabu nama qofa. Kanaaf, barumsi kan dhala nama qofa jedhama. Bineensota warra kaan ogummaa salphaa irratti leenjisuun yoo danda’ame illee barsiisuun garuu hindanda’amu.

  • Barumsi yoom iyyuu taanaan fedhiifi hawwii gartuu aangoo irraa jiruu calaqisiisa. Fedhiin mootummaafi sirni barnoota waltti dhufeenya guddaa qabu. Mootummaan kaayyoo isaa barumsatti fayyadamee iddoon ga’achuu barbaada. Biyyoota dimokiraatawaata’an keessatti gartuun aangoo irra jiru fedhii uummata bal’aa bakka bu’a waan ta’eef barumsis fedhiidhuma uummata bal’aa sanaa calaqisiisa jechuudha.
  • Barumsi bu’aa hawaasaa ta’ee, fooyya’insa jireenyaa hawaasaatiif gahee guddaa taphata. Har’a biyyoonni baay’een guddina dinagdeetiin sadarkaa ol aanaa irraa jiran kanneen sadarkaan barumsaa isaanii gulantaa ol aanaa irra jirudha.

Kaayyoolee Barumsaa

Maalummaa kaayyolee barumsaa ni himu.

Text Box: Gocha 1.3: Hojii Garee
Maaliif akka barataa turtaniifi barataa jirtan gareen mari’achuun dareef gabaasaa.

Kaayyoon barumsaa bakka hundaatti tokko ta’uu dhiisuu danda’a. Hawaasni haala dinagdee, hawaasummaa, aadaa, siyaasaafi kkf irratti hundaa’ee kaayyoo barumsaa murteessuu danda’a. Akka hawaasa hedduu biratti fudhatameetti, barumsi kaayyoolee gurguddoo armaan gadiitiif gaggeeffama.

  • Dhaloota jijjiirama hawaasa addunyaa saffisaa jirutti madaqsuuf. Addunyaan jijjiirama saffisaa keessa jirti. Waan har’a dhugaa namatti fakkaatu boor soba, inni immoo soba fakkaatu boor dhugaa ta’ee argama. Kanaaf, barumsi namoota of jijjiiruun addunyaan wal ta’anii jiraatan ykn addunyaa jijjiiruun fedhii isaanii wajjiin wal simsiisanii jiraachuu danda’an horachuuf gargaara.
  • Guddina akka dhuunfaatti mirkaneessuu. Yeroo baay’ee dandeettiin waa barachuu ykn hojjechuu dhalootaan ijoollee keessa dhokatee (potential) jiru hacuucamee argama.

Kaayyoon barumsaa egaa dandeetti dhokateefi hacuucamee jiru kana walaboomsuun akka ijoolleen/namoonni itti fayyadaman gochuudha. Kana keessatti barsiisan/tuun hanga danda’ametti fedhiifi dandeetti tokkoo tokkoo barataa keessatti dhokatee jiru addaan bafachuun barumsaan qaruun akka isaan bakka barbaadan ga’an gargaaruu qaba/di.

  • Ol guddattoota hawaasaan wal simsiisuu. Barumsi mucaan tokko dhuunfaan walaba ta’ee akka guddatu gochuu qofa osoo hintaane, hawaasa inni keessa jiraatutti madaqsuu qaba. Ol guddattoonni gochaalee hawaasni jaallatuufi jibbu, fudhatuufi hinfudhanne addaan baasanii akka beekan gargaaruu qaba.
  • Tajaajilaa uummataaf kennuu. Kaayyoon barumsaa inni biraafi guddaan nama hawaasaaf bu’aa buusu ykn hawaasa gargaaruuf dandeettiifi fedhii qabu akkasumas itti- gaafatamummaan itti dhaga’amu horachuudha. Namni barate tokko waan danda’u hundaan hawaasa tajaajiluutu irraa eegama. Dhaloota keessa jiru qofaaf osoo hintaane dhaloota gara fulduraatti dhufuufis kan yaadu ta’uu qaba.

Walumaagalatti, barumsi meeshaa ittiin ol-adeemtoota qaran, aadaa, amantiifi qaroomina guddina hawaasaafbu’a qabeessa ta’an ittiin hubachiisanfi akka dagaagan godhamuufi kanneen bu’aa hinqabne immoo akka hafan taasifamudha. Mucaan/cayyoon miseensa hawaasaa ta’uu isaatii/isheefi hawaasichis kan isa/ishee ta’uu isaa, guddina hawaasummaafi dinagdee keessatti qooda fudhachuufi gahee taphachuun akka irraa eegamu ijoollummaa isaatii/isheeti eegalee/ltee sammuu isaa/ishee keessatti akka guddatu gochuun kaayyoo barumsaati.

Akaakuu Barumsaafi Amaloota Isaanii

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

Text Box: Gocha 1.4: Hojii Dhuunfaa
Barumsi eessaafi eenyuu irraa argama? Barumsi iddoofi yeroon kan murtaa’eedhaa?

Bifoota barumsaafi amalootaa isaanii addaan baasanii ni ibsu.

Barumsi bifa sadii qaba. Isaanis:

  • barumsa miilta’aa,
  • barumsa idleefi
  • barumsa al-idleedha.

1.1.3.1. Barumsa Miilta’aa

Barumsa Miilta’aa (Afaan Ingiliiziitiin Informal Education jedhamee beekama). Nama tokkoyoo waa’ee barumsaa yoo gaafanne,barumsi kan mana barumsaa keessatti kennamu qofa akka ta’etti yaaduu ni danda’a. Haa ta’u malee garuu barumsi kan mana barumsaa keessatti qofa murtaa’e miti. Fakkeenyaaf, bara durii barumsi akka ammaa kanatti manneen barnootaa keessatti kennamaa hinturre. Dhaabileen barnootaafi barsiisaan leenji’ees hinturre. Naannoon guutumaatti mana barumsaa yemmuu ta’u ga’eesonni hiriyyoonnii adeemsa keessa akka miiltoo waliin imala deemanii muuxannoo qabaniifi muuxannoo isaanii warra kaaniif hiran hundi immoo barsiisota turan. Haala kanaan egaa tarii barsiistuun isheen jalqabaa haadha mucaa ta’uun ni mala. Barumsi akkasii kun barumsa miilta’aa jedhamee waamama.

Barumsi miilta’aa barumsa qindaa’ee, haalaan karoorfamee dhaabbata murta’aa keessatti kennamu osoo hintaane, muuxannoo jireenyaa keessatti kan argamudha. Maddi/burqaan barumsa miilta’aa warra ofii, hiriyoota, hawaasa naannoo, garee amantii, meeshaalee sab-qunnamtii kan akka raadiyyoo, televiizyiinii, interneetii, barreeffama adda addaa kan akka gaazexaafi kkfdha. Barumsi miilta’aan:

  • Caasaa hinqabu (sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa, kolleejjiifi kkf jechuun hinqoodamu).
    • Dhaabata barumsaa murta’ee hinqabu.
      • Umuriifi yeroodhaan kan daangeeffame miti.
      • Dandeettii barreessuufi dubbisuu irratti dirqama kan hundaa’e miti.
      • Xumurri barumsa miilta’aa waraqaa ragaa hinargamsiisu.
      • Dhalootaa kaasee hanga du’aatti kan argamudha.

Fakkeenyaaf, yeroo barreessuufi dubbisuun hintureetti akkasumas har’a illee namoonni barreessuufi dubbisuu hindandeenye beekumsa isaanii dubbii afaaniin dhalootatti dabarsaa turan, dabarsaa jirus. Sirni Gadaa Oromo yeroo ammaa kana sadarkaa addunyaatti fudhatama argate kun jaarsoliifi abbootii Gadaa Oromoo dubbisuufi barreessuu hinbeeknetu haarsaa itti kaffalee dhaloota har’aatiin gahe. Qorichaa aadaa garaagaraas akkaatuma kanaan warra qoricha sana beekaniin baay’inaan karaa iccitiin ta’een namoota itti dhiyaataniif dabarsuun yoonaan ga’an. Kanaaf, barumsi miilta’aan beekumsa siyaasaa, aadaafi dinagdee dhalootaa dhalootatti dabarsuu keessatti gahee guddaa taphate, taphataas jira.

1.1.3.2. Barumsa Idilee

Barumsi idilee (Afaan Ingiliiziitiin Formal Education jedhamee beekama) haalaan itti yaadamee, bifa qindoomina qabuufi karooraan kan gaggeeffamudha. Barumsi kun amaloota armaan gadiitiin beekama.

  • Barumsa    dhaabbata   dhimma    barumsichaaf    ijaarame    (mana    barumsaa,    kolleejjiifi yunivarsiitii) keessatti kennamudha.
    • Waanti baratamu of eegannoon qophaa’ee meeshaalee sirna barnootaatti (silabasii, qajeelcha barsiisaafi kitaaba barataa) fayyadamuun yeroo murtaa’ee keessatti kennama.
      • Hojii irra oolmaan karoora barnootaa ni to’atama.
      • Xumurri barumsa kanaa sadarkaa sadarkaatti waraqaa ragaatiin mirkaneeffama.

1.1.3.3 Barumsa Al-idilee

Barumsi al-idilee (Afaan Ingiliiziitiin Non-formal Education jedhamee beekama)barumsa qindaa’ee kennamu ta’ee kan caasaa barumsa idilee keessatti hinammatamnedha. Fakkeenyaaf, dhukkubsanee mana yaalaa yeroo deemnu, yeroo baay’ee ogeeyyiin fayyaa wallaansa kennuu osoo hineegaliin dura ganama ganama dhimmoota dhukkuba daddarbaa, qulqullinaa keenyaafi kkf irratti yeroo barumsa kennan ni argina. Barumsi kun barumsa al-idileeti. Barumsi al-idilee kaayyoo qabeessaafi itti yaadamee kan gaggeefamudha. Yeroo baay’ee fedhii garee tokkoo ykn namoota wal fakkaatoo, fakkeenyaaf kan dargaagootaa ykn ga’eessotaa guutuuf jecha kan qophaa’uufi kan gaggeeffamudha. Barumsi al-idilee kanneen armaan gadii of keessatti qabata.

  • Leenjii qonnaa baballisuuf jedhamee kennamu
    • Barnoota fayyaafi karoora maatii hawaasaaf manneen yaalaafi haalaa adda addaa keessatti kennamu
      • Leenjii ogummaa adda addaa
      • Duula wallaalummaa balleessuu
      • Workishooppiifi seminaaraa adda addaafi kkf.

Barumsi al-idilee akkuma barumsa idilee karooraan kan gaggeeffamuufi caasaa kan qabu haa ta’u iyyuu malee, qindoominaan amma barumsa idilee hinga’u.

Egaa bifoota barumsaa akka armaan olitti qooduun ilaaluu haa yaalluu malee, akaakuun barumsaa kunneen kan walitti hinmakamneefi kan sirriitti addaan qooduun danda’amu miti. Fakkeenyaaf,

barsiisaan waa’ee seenaa Oromoo daree keessatti erga barsiisee booda, barattootaaf qormaata kenne haa jennu.

Yoo barataan qormaata kana irratti qabxii gaarii argate, qabxiin barataa sanaa firiidhuma barsiisaan daree keessatti barsiiseetii jennee fudhachuun nama rakkisa. Tarii barataan sun waa’ee seenaa Oromoo warra isaa ykn hawaasa keessa jiru irraa yknis walgahii/leenjii adda addaa irratti hirmaachuudhaan agateera ta’a. Kanaaf, bu’aan barataan argate kun bifoota barumsaa hunda irraa kan argame ta’uu danda’a.

Bifoota barumsaa akka bishaan lafa kana irra jiruutti ilaaluun ni danda’ama. Namni dheebotee bishaan barbaadu tokko akkuma haala naannoo keessa jiraatuutti bishaan bifa adda addaan argachuu danda’a ykn argachuun xaarii baay’ee isa gaafachuu danda’a. Haaluma kanaan bishaan boollaa, bishaan roobaa, bishaan lagaa, bishaan haroo, bishaan galaanaa, bishaan ujummoofi kkf argachuu danda’a. Gosoonni bishaan kun qulqullina isaaniitiin garaagarummaa haa qabatan malee hundi isaan bishaan, faayidaa adda addaafis ni oolu. Barumsi idilee akka bishaan ujummootti fudhachuun ni danda’ama. Haa ta’u malee burqaan bishaan ujjummoo bishaan roobaa, bishaan lagaa, bishaan haroo kkf ta’uu danda’a. Akkuma barbaachisummaa isaatti yeroo tokko tokko bishaan lagaa albuudaafi biyyee addaadaa lolaan fidee lafa uwwisu bishaan ujummoo isa qulqulluu sana caalaa qonna booneetiif filatamaa ta’a. Haaluma wal fakkaatuun barumsa bifa miilta’aan, idileen, al-idileen ykn haala walmakateen argachuun ni danda’ama. Yeroo baay’ee barumsi miilta’aa, barumsa idileef bu’uura yemmuu ta’uu, barumsa al-idilee warri gaggeessan immoo baay’inaan kan argaman barumsa idilee irraati.

Beekumsi barumsa idilee keessatti argannu deebinee beekumsaa barumsa miilta’aa keessa jiru  gad fageenyaan akka qorannuuf nu gargaara. Beekumsi barumsa al-idilee keessatti argannus beekumsa barumsa idilee keessatti argannu deebifnee akka haaroomsannuuf nu gargaara. Yeroo tokko tokkoo barumsi idilee inni akka bishaan ujummoo isa qulqulluu sanaatti fudhatamu rakkina hawaasaa hiikuu yemmuu dadhabu, barumsi miilta’aa garuu ni hiika. Fakkeenyaaf, manni murtii ammayyaa namoota wal himatanii deeman isa tokko adabee isa kaan immoo bilisa baasee gad- dhiisa. Yeroo baay’ee wal dhibdee namoota gidduu jiru bu’uura irraa hinhiiku. Jarsooliin biyyaa warri barumsa ammayyaa hinqabne garuu akka aadaa isaaniitti isa balleesse gumaa kaffalchiisuun akka isaan haloo walitti qabachuun wal hinmiinee gochuun araara dhugaa buusuun beekamu. Kanaaf, bifoota barumsaa haala wal simaataa ta’eefi wal deggeruu danda’aniin dhiyeessuun

barattoota irratti jijjiirama gaarii fida. Muuxannoo mucaan naannoo keessatti guddate irraa argatee gara mana barumsaa dhufu barsiisaan barumsa idilee keessatti akka bu’uuraatti itti fayyadamuu danda’a.

Manni barumsaa immoo haalli dhugaa hawaasni keessa jiru kan keessatti calaqisuufi barumsi rakkina hawaasaaf furmaata argamsiisu kan irraa argamu ta’uu qaba. Keessaayyuu barumsi sadarkaalee tokkoffaa kutaalee gad-aanaa keessatti kennamu ijoolleen naannoo isaaniifi waantota naannoo isaanii jiran sirritti akka hubatan kan dandeesisu ta’uu qaba. Barumsi yeroo murtaa’e keessatti mana barumsaa keessatti baratamu immoo leenjjii adda addaatti fayyadamnee yoo fooyyeeffachaa deemne malee haala jijjiirama safisaa addunyaa wajjiin deemuun rakkisaa ta’a.

Barumsi miilta’aa dubbii afaaniin darbu irraanfatamuu waan danda’uuf, barreeffamee dhalootaaf darbuun barbaachisaadha. Namoonni beekumsa qabaniifi barreessuu hindandeenye beekumsa isaanii fudhatanii darbuu waan danda’aniif qorannoo gaggeessuun beekumsa namoota kanaa galmeessanii dhaloota itti aanuuf dabarsuun barbaachisaadha. Barumsa miilta’aa keessa beekumsi siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee dhaloota ammaa kana gargaruu danda’u waan jiruuf beekumsa kana addaan baasuun barumsa idilee keessa galchuun gaarii ta’a. Kana gochuu keessatti akkaataa itti sirni barnootaa qophaa’u beekuun baay’ee barbaachisaadha.

1.2.     Hiika Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

Text Box: Gocha1.5: Hojii dhuunfaa
Kaadhimamaa/tuu barsiisa/tu! Yeroo mana barumsaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa turte, gosoota barnootaa adda addaa barattee jirta. Muuxannoo kee irraa ka’iitti hiika sirna barnootaa jechoota keetiin yaada kee barreessi. Sana booda, hiikkaawwan kennite lama hiriyaa keetti himi, kan hiriiyaakees dhaggeeffadhu. Itti aansuun hiikkaa isin bareessitan hiikkaawwan haayyonni kennanii waliin walbira qabuun ilaalaa.

Maalummaa sirna barnootaa ni ibsu

Beekumsiifi ogummaan uummanni addunyaa dur durii kaasee hanga yoonaatti horatee kuufate hedduu bal’aafi gad fagoodha. Ilmaan namaa umurii daa’imummaa kaasanii hanga dulloomanitti qunnamtii naannoofi hawaasa isaanii wajjiin godhan irraa beekumsaafi ogummaa dabalataa

deemu. Egaa gaaffii guddaan ka’uu malu beekumsaafi ogummaa bal’aafi gad-fagoo kana akkamitti dhalootaa gara dhalootaatti dabarsina kan jedhudha.

Beekumsaafi ogummaa barbaadamu dhalootaa gara dhalootaatti dabrsuuf sirna ijaaruun ykn tolchuun barbaachisadha. Sirni ijaaramuu qabu kunis SIRNA BARNOOTAA jedhama. Kana jechuun daa’imni tokko umurii kamitti, yeroo hagamiifi maal barachuutu irra jira kan jedhu sirriitti qindaa’uutu irra jira. Sirna jechuun ammoo tuutni waantota xixxiqaa akka qaama tokkootti waliin dalaguun qaama guddaa walii-galaa tokko uumuu jechuudha. Fakkeenyaaf, qaama keenya yoo fudhanne sirna adda addaa (sirna dhangala’ina dhiigaa, sirna nyaanni ittiin qaama keenya keessatti bullaa’u, sirna argansuu,fi kkf) of keessaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun, barnoonni umurii daa’imummaa irraa eegalee hanga umurii guddaatti sirna ittiin baratamu qaba.

Jechi sirna barnootaa “Afaan Ingliiziitiin kariikuleem “Curriculum” jedhamee kan beekamuufi jecha Laatiinii “Currere” jedhu irraa kan maddedha. Hiikni isaas “daandii dorgommii” jechuudha. Kanaaf sirna barnootaa ykn kariikuleem jechuun karaa ykn daandii barattoonni galma barbaadamu bira gahuudhaaf irra fiigan akka ta’e hayyoonni irratti waliigalaa turaniiru. Kunis gochaawwan manneen barnootaa keessaafi alatti akkasumas daree keessaafi dareen alatti bifa karoorfameefi qindaa’een barattoonni raawwatan hunda hammata.

Haata’u malee, hayyoonni barnootaa hundi hiika sirna barnootaa irratti walii galuun hiika walfakkaatu kennuu hindandeenye. Haaluma kanaan jaarraa 20ffaa keessa, sirna barnootaaf karaa addaa addaan hiikni kennameera. Walumaagalatti, hiikawwan sirna barnootaa adda addaa hayyuulee adda addaatiin yeroo addaa addaa kenaman gabatee harmaan gadii keessatti cuunfamanii dhiyaatan haa ilaallu.

Gabatee 1.2. Hiikawwan sirna barnootaa hayyuulee adda addaatiin yeroo addaa addaa kenaman

Lakk.Hiika sirna barnootaaHayyuu hiikeefi bara
  1Sirni barnootaa waan barattootni baratan hunda ta’ee galma barnootaa bira gahuuf manneen barnootaatiin kan karoorfamuufi qajeelfamudha.  R. Taayileer (1949)
2Sirni    barnootaa    muuxannoowwan    karoorfamanii    qajeelcha manneen barnootaatiin barattootaaf dhiyaataniidha.D. K. Wheeler (1967)
    3Sirni barnootaa sagantaa barattootaaf carraawwan barnootaa dhiyeessuuti. Carraawwan barnootaa kunis hariiroo karoorfamaafi to’atamaa barattoota, barsiisota, meeshaalee, leecalloofi naannoo barnoonni keessatti gaggeeffamu gidduu jiru kan agarsiisuudha.    J. Leewis (1981)
  4Sirni    barnootaa   muuxannoowwan  barannoo   galmaafi   kaayyoo yaadame, karooraafi wixinee barnootaa mana barumsaa keessatti hojiirra oolchuudha.  M. Shilbeck (1984)
    5Sirni barnootaa karoora mana barumsaa keessatti barattoota qajeelchu, karooricha daree barnootaa keessatti hojiirra oolchuu, muuxannoowwan baruu-barsiisuu keessatti argamuufi kan barattootaan ibsamuufi daawwatamudha.    Glatthorn (1987)
6Sirni barnootaa wixinee gosa barnoota qoratamuutiMurray Print (1987)
7Sirni barnootaa tuuta gosoota barnootaatiColin J. Marsh (2001)

Akkuma hiika barumsaa dura ilaalletti sirna barnootaafis hayyootni addaa addaa hiika addaa addaa kennanii jiru. Haa ta’u malee sirna barnootaaf hiikni tokko kan hayyooni hundi irratti waliigalan haa dhibamu malee baa’yeen isaanii sirni baroontaa muuxannoo barattoonni hoggansa mana barumsaa jalatti mana barumsaa keessaafi mana barumsaa alatti argatan akka ta’eetti fudhatu. Walitti qabaatti, muuxannoon barattoonni hoggansa mana barumsaa jalatti argatan kun meeshaalee sirna barnootaa adda addaatiin jechuunis silabasii, qajeelcha barsiisaafi kitaaba barataatiin kan qindaa’uufi karoora sadarkaa adda addaatti qophaa’uun (fakkeenyaaf, Ministeera Barnootaa, Biiroo Barnootaa, Qajeelcha Barnootaa Godinaa, Waajjira Barnootaa Aanaa, dhaabilee barnootaa adda addaafi sadarkaa mana barumsaafi dareetti immoo karoora waggaafi

karoora barannoo guyyaa barsiisaan qopheessuun) kan calaqisudha. Egaa, sirni barnootaa kana hunda of keessatti qabata jechuudha.

Text Box: Gocha 1.6: Hojii garee
Addaa addummaa hiikaawwan sirna barnootaa hayyoota adda addaan kennaman gareen  irratti mari’achuun qabxiilee garaagarummaa ijoo hiikolee kennamanii adda baasuun barattoota daree keesssaniif dhiyeessaa.

1.2.1.  Sirna Barnootaa Qopheessuu

Kutaa armaan olii keessatti hiikkaawwan sirna barnootaa adda addaa barattanii jirtu. Kutaan kun immoo bu’uuraaleen sirna barnootaa, moodeelota qophii sirna barnootaafi adeemsa qophii sirna barnootaa irrattii kan xiyyeeffateedha.

1.2.1.1    Bu’uuraalee Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Bu’uuraalee sirna barnootaa adda addaa adda baasuun ni ibsu.
Text Box: Gocha 1.7: Hojii dhunfaa
Qopheessitoonni sirna barnootaa maal irratti hundaa’anii sirna barnootaa naannoo ykn biyaa tokkoo qopheessuu qabu jettee yaadda?

Bu’uuraaleen sirna barnootaa wantoota sirna barnootaa qopheessuuf hundee ta’anidha. Bu’uuraaleen sirna barnootaa bakka afuritti qoodamu. Maddawwan kun afuran yemmuu sirni barnootaa qophaa’u qopheessitoota sirna barnootaarratti dhiibbaa kan geessisanidha. Maddawwan kunniinis:

  1. Bu’uuraalee Falaasamaa
  2. Bu’uuraalee hawwaasummaa (Sohoolojawaa )
  3. Bu’uuraalee Xinsammuu (Saayikooloojawaa)
  4. Senaa barnootaat

A.     Bu’uuralee Falaasama Barnootaa

Bu’uuralee Falaasama Barnootaa Afaan Ingiliziitiin “Philosophical foundation of Education” jedhamee beekama. Jechi “falaasama” (philosophy) jedhu jechoota Giriikii “Philos”fi “Sophia” jedhaman irraa dhufe. “Philos” jechuun “jaalachuu” yoo ta’u, “sophia” jechuun immoo “beekumsa ykn ogummaa” jechuudha. Kanaafuu, falaasama jechuun ogummaa ykn beekumsa jaalachuu jechuudha. Falaasamniifi hubannoon falaasamaa hundee bu’uuraalee sirna barnootaa hundaati.

Haala qabatamaa mul’atuun dhalli namaa qaama miira isaatti fayyadamuun naannoo isaa irraa odeeffannoo argatu sammuu keessatti xiinxalee hiika itti keennuun barumsa argata. Namni madda barumsaa hinbeekne sirna barnootaa gaarii qopheessuu hindanda’u. Kanaaf, madda baumsaafi barumsiakkamitti akka argamu beekuun sirna barnootaa qopheessuuf bu’uura jechuudha.

Qopheessitoonni sirna barnootaa akkamitti addunyaa kanaafi barumsa akka hubatan gaaffilee falaasamaa sadan gaaffachuudhaan murtaa’uu danda’a. Gaaffileen kunniinis:

  1. Maaltu qabatamaadha?
    1. Maaltu gaariidha?
    1. Maaltu dhugaadha?

Hayyoonni falaasamaa gaaffiilee falaasamaa kanneeniif karaa garaagaraatiin deebii waan kennaniif adeemsa kana keessa falaasamoonni garaagaraa akka uumaman sababa ta’eera.

Falaasamoota gurguddoo beekamoon bakka sadiitti qoodamu. Isaanis:

  1. Ayidiyaaliizimii
    1. Piraagmaatiizimii
    1. Riyaaliizimii
Maddiid beekumsaa maalii jettanii yaadu?
  1. Ayidiyaaliizimii

Ayidiyaaliizimiin (Idealism) yaada ykn hafuura irratti hundaa’uudhaan waa’ee addunyaa kan ibsudha. Akka falaasama Ayidiyaaliizimiitti:

  • Sammuun ykn yaadni handhuura beekumsaati jedhee amana.
  • Qabatamaan (Reality) addunyaa sammuu namaa keessa jiruudha.
  • Dhugaan dhaabbataadha.
  • Gaarummaan fakkeenya gaarii ta’uuf dhama’uudha.
  • Manneen barnootaa sammuu barattootaa qaruufi gadifageenyaan akka yaadan barsiisuu qabu.
  • Kaayyoon barnootaa beekumsa, aadaafi sonawwan daa’immanitti dabarsuun tursiisuudha.
  • Barattoonni seenaa ogummaa/beekumsa gootota darbanii baratu. Kanaafuu, qophii sirna barnootaa keessatti qabiyyeewwan seenaa gootota bebbeekamoo hawaasichaa akka itti dabalaman gochuudhaan qopheessitootarratti dhiibbaa taasisa jechuudha.

II.     Riyaaliizimii

Riyaaliizimiin (Afaan Ingiliziitiin “Realism” yoo ta’u, waam tokko ”Real” kan jedahamu “Dhuga qabeessa ykn Qabatamaa” yoo ta’edha) miiressuufi sababeessuu irratti hundaa’uun waa’ee addunyaa kanaa ibsa. Akka ilaalcha falaasama kanaatti daa’imni tokko sammuu qullaa kan dhalatuufi adeemsa keessa miiressuu, daawwachuufi sababeessuudhaan odeeffannoo argataa kan deemudha. Kanaafuu, dhugaan wanta miiressineefi wanta daawwanneedha jedhu. Gaarummaan seera uumamaa beekuu keessatti argama. Barattoonni odeeffannoo qabatamaa waa’ee addunyaafi hawaa barachuu qabu. Kanarraa kan ka’e kitaabilee barnootaa keessatti qabiyyeewwan wantoota qabatamoo naannoo keenyaa kanneen akka wantoota lubbu qabeeyyiifi lubbu dhabeeyyii, maatarii, kkf akka itti dabalaman gochuudhaan qopheessitoota sirna barnootaarratti dhiibbaa taasisa jechuudha.

III.   Piraagmaatiizimii

Piraagmaatiizimii (Afaan Ingiliziitiin “Pragmatism” jedhamee beekama). Akka falaasama kanaatti jijjiiramni handhuura beekumsaati. Muuxannoon, beekumsi, ogummaan, aadaan, kkf yeroodhaa gara yerootti nijijjiiramu jedhee amana, dhugaan wanta qabatamaadhaan hawaasa keessa jiruudha. Kanaafuu, akka piraagmaatiizimiitti, barattoonni wanta qabatamaan yeroo ammaa hawaasa keessa jiru barachuu qabu. Kaayyoon barnootaa dandeettii rakkoo hiikuu gonfachiisuudha. Kanaafuu, sina barnootaa keessatti dhugaawwan siyaasaa, dinagdee, aadaafi safuuwwaniifi sonawwan gaggaarii hawaasa keessa jiran akka itti dabalaman gochuudhaan dhiibbaa taasisa.

B.     Bu’uuraalee Hawwaassummaa Barnootaa

Bu’uuraalee Sohoolojawaa Barnootaa (Afaan Ingiliziitiin “Social Foundations of Education” jedhamee beekama). Hawaasni jireenya isaa bara dheeraa keessatti uumama irraa waan hedduu baratee jiraachaa ture. Fakkeenyaaf, uummata Oromoo yoo fudhanne osoo sirni barnootaa ammayyaa hindiriiriin dura jireenya isaa bifa qindaa’een gaggeefachaa ture. Kanaaf, sirni barnootaa qophaa’uu malu akkaataafi muuxannoo jireenyaa hawaasa sirna barnootaa sana baratuu calaqisuu qaba. Kana jechuun, qopheessitoonni sirna barnootaa aadaa, yaada, sona, beekumsa, ogummaafi ilaalcha hawaasichaa hawaasichaaf bu’a qabeessa ta’an sirna barnootaa keessa galchuu qabu.

Kana keessatti aadaan bu’a qabeessa ta’an sadarkaa naannoo, biyyoolessaafi addunyaatti jiran sirna barnootaa keessatti hammatamu qabu. Yoo akkana ta’e, barattoota jireenya fooyya’aa ta’e sadarkaa hundaatti gaggeeffachuu dand’an horachuun ni danda’ama. Kanaafuu, hawaasniifi aadaan hawaasichaa qophiii sirna barnootaaf bu’uura kan jedhamu.

C.     Bu’uuraalee Xinsammuu Barnootaa

Saayikooloojiin barnootaa hawwii, fedhiifi dandeettii dhallii namaa umurii sadarkaa guddina adda addaatti qabu ibsa. (Afaan Ingiliziitiin “Psychological Foundationsof Education” jedhamee beekama). Kanaaf, qopheesitoonni sirna barnootaa odeeffannoofi beekumsa saayikooloojii irraa argachuun sirna barnootaa fedhiifi dandeettii barattoota sadarkaalee adda addaa jiran wajjiin deeman qopeessuu qabu. Kanaaf, beekumsii xinsammuu barnootaa sirna barnootaa gaarii fedhiifi dandeettii barattootaa wajjiin deemuu danda’an qopheessuuf bu’uuradha.

D.     Bu’uuralee Seenaa Barnootaa

Seenaa barnootaa qorachuun jabinaafi dadhabinaa barnootaa addaan baafachuun dadhabina sirna barnoota darbe keessatti mul’atan irraa barachuun sirna barnootaa fooyya’aa qopheessuuf gargaara. Fakkeenyaaf, barumsi ammayya mootummaan hogganamu yemmuu Itoophiyaa keessatti jalqabamu sirni barootaa keessatti kan kennaman Afoonota biyya alaa: Ingliffaa, Afaan Faransaayii, Afaan Xaliyaaniifi Afaan Arabaa turan. Mana barumsaa galuuf immoo Afaan Amariffaa danda’uun barbaachisaa ture. Adeemsi ture egaa sirni barnootaa yeroo sanaa haala dhugaa Itoophiyaa keessa ture kan hincalaqsiifneefi namoota Itioophiyaa Afaan Amariffaa hinbeekne irratti carra barnootaa kan cufe ture. Dogongora sana irraa barachuun har’a uummanni

Itoophiyaa baay’een carra afaan dhaloota isaaniin barachuu argatanii jiru. Kanaaf, seenaa barnootaa qorachuun sirna barnootaa qopheessuuf bu’uuradha.

Text Box: Gocha 1.8: Hojii Garee
1. Buu’uuraalee sirna barnootaan walqabaatee dhaloonni amma barnootaan akka hincimne daanqaa kan ta’an maa fa’i? Danqaalee sana hirrisuuf/hambisuuf maaltu godhamuu qaba?
2 .Osoo sirna barnootaa Oromiyaa sadarkaa tokkoffaaf qopheessaa jedhamtaniibuu’uuraalee sirna barnootaa keessaa maal maal akka fudhatan (Afaan Ingiliiziitiin Formal Education jedhamee beekama) ibsa.

1.2.1.2    Moodeloota Qophii Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Moodeloota qophii sirna barnootaa adda addaa ni ibsu. Moodeloota kanneen fayyadamuun sirna barnoota kutaa 1 – 4 ni xiinxalu.

Moodela sirna barnootaa jechuun akkaataa sirni barnootaa itti qophaa’u jechuudha. Haalaa biyyaafi guddina hawaasaa irrati hundaa’uun ogeessoonni sirna barnootaa moodela sirna barnootaa diriirsanii jiru. Moodeloonni qophii sirna barnootaa beekamoon bakka gurguddoo sadiitti qoodamu. Isaanis:

  1. Moodela Kaayyoo Barnootaa irratti hundaa’e
  2. Moodela Adeemsa irratti hundaa’e
  3. Moodela Haala irratti hundaa’e

I.     Moodela Kaayyoo Barnootaa irratti Hundaa’e

Moodelli kaayyoo irratti hundaa’ee, “Moodela Sababaa” jedhamee waamama. Akkaataa moodela kanaatti qophiin sirna barnootaa kan jalqabu kaayyoo adda baasuun irraa ta’ee caacculeen sirna barnootaa biroon: qabiyyee, malleen baruu-barsiisuufi akkaataa madaallii addaan baasuun itti aanuun tartiibaan kan dhufanidha. Yaada kana unka armaan gadiitiin argarsiisuun ni danda’ama.

Kaayyoo barnootaaQabiyyeeMalleen                baruu- barsiisuuIyyaafannoo (Madaallii)
    
    

Haala kanaan, kaayyoon buu’uura Caacculee itti fufanii wixineffaman ta’ee, iyyaaffannoon (madaalliin) sadarkaa fiixaan ba’iinsa kaayyoolee mirkaneefachuuf kan adeemsifamudha.

Ogeeyyiin sirna barnootaa moodela kaayyoo kana adda dureen leellisanRaalif Taayileerfi Hiilda Taaba’dha.Yaadniifi ejjennoon Taayileerfi Taabaa akka armaan gadiitti ibsamaniiru.

A.       Qophii Sirna Barnootaaf Moodela Taayileer

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Adeemsa qophii sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannoo moodela Taayileer ni himu.
    • Mooela kana fayyadamuun iddattoo sirna barnootaa ni qopheessu.

Haayyuun lammii biyya Amerikaanii Raalf Taayileer jedhamu sirna barnootaafi sagantaalee barnoota dhaabilee barnootaa sakatta’ee xiinxaluun gudunfaa irra ga’e bara 1949 ifa baase. Akka Taayileer jedhutti sirna barnootaa tokko qopheessuuf gaaffileen bu’uuraa afur gaafatamuu qabu. Gaaffileen kunnenis:

  1. Manni barumsaa kaayyoo barnootaa maal galmaan ga’uu barbaada? (Kaayyoolee).
  2. Muuxannoowwan barnootaa maaltu kaayyoowwan kana galmaan ga’uuf barbaachisa? (Qabiyyeefi tarsimoowwan baruu-barsiisuu)
  3. Muuxannoowwan barnootaa kun akkamiin haala ga’umsa qabuun qindaa’u? (Muuxannoowwan sirna barnootaa qindeessuu)
  4. Akkaataa kamiin kaayyoowwan galma ga’uu isaanii mirkaneessina? (Iyyaaffannaafi madaallii)

Deebiin gaaffilee kanaa hojiiwwan ijoofi dhimmoota adeemsa qophii sirna barnootaa bakka bu’u. Taayileer qopheessitoota sirna barnootaaf karaa seera qabeessa, sirnaawaafi raawwii isaaniif hiika qabu agarsiisa. Yeroo ammaa hojiin Taayileer barreessitoota sirna barnootaa biratti kan hubatamu akka moodeela amala dhaabbataa qabuutti ta’ee yeroo dheeraaf kan tajaajile akaakuu moodeela kaayyooti. Yaad-xina sirna barnootaa qindaa’aa qopheesuuf Taayileer gumaache irraa ka’uun yeroo tokko tokko ‘Taayileer’ abbaa sochii sirna barnootaa jedhamuun beekama.

Akka Taayileer jedhutti, kaayyoowwan barnootaa addaan baasuufi ibsuun qophii sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannoon guddaan kan kennamuufi dhimma jalqabaa akka ta’etti ibsa.

Akka Taayileeritti kaayyoo baranootaa qopheessuu keessatti, maddawwan odeeffannoo sadii barbaachisoodha. Isaanis:

  1. Waa’ee barattootaa (fedhiifi dandeettii isaanii) qorachuu
    1. Jireenya hawaasni keessa jiru qo’achuu (rakkina barumsi isaaniif hiikuu qabu adda baafachuu)
    1. Yaada ogeessota gosa barnootaa fudhachuu (waan isaan akka dhaloonni barachuu qabu hawwan adda baafachuu).

Akka Taayileer jedhutti odeeffannoon barattoota, hawaasaafi ogeessota gosa barnootaa irraa argmaan falaasama barnootaafi xinsammuu barnootaatti fayyadmuun calalamanii kaayyoon barnootaa barreeffama. Kaayyoo barnootaa irratti hundaa’uun immoo qabiyyeen, malleen baruu- barsiisuufi iyyaafannoo/madaalliin murteeffamu.

Text Box: Gocha 1.9: Hojii garre
Silabasii gosa barnootaa keessanii kutaa 1-8 keessaa kutaa tokko filachuun ulaagaalee Moodela Taayileer keessatti tarreeffaman hangam akka isaan silabasii sana keessatti hojii irraa oolan gareen ta’uun sakatta’aa xiinxalaatii barattoota daree keessaniif gabaasa dhiyeessaa.

B.       Qophii Sirna Barnootaafi Moodela Taabaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Adeemsa qophii sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannoo moodela Taabaa ni himu.

Hiildaa Taabaan moodela Taayileer fooyyessuun odeeffannoo baay’eee sadarkaalee adeemsa qophii sirna barnootaatti dabalteetti. Taabaan adeemsa wiixineefi qophii sirna barnootaa sadarkaalee torba kan of keessaa qabu bara 1962 tti dhiyeessite. Moodeelli isheen dhiyeessite kun fedhii barattootaaf dursa kan kennuudha. Adeemsi qophii sirna barnootaas fedhii qorachuun jalqabu qaba jetti. Akka Taabaatti, adeemsa qophii sirna

barnootaa keessatti sadarkaaleen torban hubatamuuqaban kanneen armaan gadiiti.

  1. Fedhii barataa adda baafachuu
  2. Kaayyoowwan barnootaa qopheessuu
  3. Qabiyyeewwan barnootaa filachuu
  4. Qabiyyeewwan barnootaa qindeessuu
  5. Muuxannoowwan barannoo filachuu
  6. Muuxannoowwan barannoo qindeessuu
  7. Mala iyyaafannoo/madaallii murteessuufi tooftaaitti raawwatamu karoorssuu.

Adeemsi qophii sirna barnootaa Taabaan dhiyaate kun moodeela Taayileergabbise waliin kan walfakkaatuufi kan Taayileer caalaa bal’inaan kan dhiyaatedha.

Text Box: Gochaa 1.10: Hojii Garee
Moodela Taabaa fayyadamuun siilabasii kutaa 1-4 keessaa mata duree tokko filachuun iddattoo sirna barnootaa gareen qopheessuun barattoota daree keessaniif dhiyeessa.

C.      Moodela Qophii Sirna Barnootaa Wiiler

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Addaa addummaa moodelli Wiiler kan Taayileeriifi Taabaa irraa qabu ni ibsu.

Wiiler bara 1967 moodeela qophii sirna barnootaa Taayileeriin dhiyaate caalaa fooyyeesuun dhiyeesse. Moodelli kun Moodela qophii sirna barnootaa, Wiiler ykn moodela geengoo jedhamee beekama. Kana jechuun qophiin sirna barnootaa adeemsa walitti fufaadha malee iddoo tokko jalqabee iddoo biraatti kan dhaabbatu miti jedhee falma. Kanaafuu, gochaaleen sirna barnootaa keessatti hammataman yemmuu karoorfaman walitti-fufoofi marsaan akka ta’uu qaban ibsa.Yaad-rimeen moodeela kanaa qophiin sirna barnootaa geengoo ta’ee, adeemsa keessa jijjiirama barnoota keessatti mudataniifi odeeffannoofi muxannoowaan haaraa maddan sirna barnootaa irratti jijiiirama fiduu ni danda’u jedha. Kanaaf, sirna barnootaa qopheessu keessatti haala xiinxaluun akka barbaachisu ibsa. Bu’aan kanaa immoo qopheessitootni sirna barnootaa murtee sirrii akka dabarsan gargaara.Moodelli kun sadarkaalee shanan rmaan gadii qaba.

Caacculeen shanan Moodela Wiiler keessatti hammataman marsaa armaan gadiitiin agarsiifamaniiru.

Fakkii 1.1: Moodela qophii sirna barnoota Wiiler
Text Box: Gocha 1.11: Hojii dhuunfaa
1.	Moodela marsaa qophii sirna barnootaa Wiiler armaan olitti agarsiifame xiinxaluun hubannoo kee daree keessatti barattoataaf dhiyeessi.
2.	Moodela Taayileerfi Taabaa waliin yoo wal bira qabdee ilaaltu, moodelli Wiiler fooyya’insa maalii qaba?

Moodelli Wiiler Moodela Taayileerfi Moodela Taabaa waliin yoo madaalamu, Wiiler qabxiilee armaan gaditti ibsamaniin fooyya’insa qaba. Isaanis:

  • Xiinxala haalaa irraa jalqaba
  • Gochaalee waliiti fufaa qaba
  • Odeeffannoofi muuxannowwan haarawaa ni fudhata
  • Caacculee sirna barnootaa kan walitti firoomaniifi kan walirratti hirkatan godhe ilaala
  • Yaad-deebii fudhachuuf qophaa’adha.

Moodeloonni qophii sirna barnootaa Taayileer, Taabaafi Wiiler moodela qophii sirna barnootaa kaayyoo irratti hundaa’e jalatti ramadamu.

II.    Moodela Qophii Sirna Barnootaa Adeemsaa Bu’uurefate

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Xiyyeeffannoo qophii sirna barnootaa moodela adeemsaa ni himu.

Moodelli qophii sirna barnootaa adeemsaa buu’uurefate kun nama lammii Biriteeniifi haayyuu sirna barnootaa kan ta’e Laawreenis Isteenhaawus jedhamuun

qophaa’e. Hayyuun kun baroottan 1960fi 1970 keessa hayyuu qophi sirna barnootaa beekamaafi dhiibbaa guddaa uumee turedha.

Bu’uurri moodela kanaa falaasama barnootaati. Laawreenis sirna barnootaa sababaan wixineessuun ni danda’ama jedhe amana. Kunis qabiyyeefi seera adeemsa isaa sirriitti adda baasuun ta’a malee dursanii bu’aawwan yaadamaan akka kaayyootti adda baasuun sirri miti jedha. Akka Laawreenis Isteenhaawusitti Wixinee kana keessatti

adeemsi adda ba’ee murtaa’a. Kunis qabiyyeen baratamu, malleen hojiirra oolaniifi ulaagaleen gochaaleen ittiin madaalaman hundi durasanii qophaa’u.

Moodela kana keessatti kaayyoon barnootaa barattoonni bira gahuu qaban dursee qophaa’u hinjiru. Haata’u malee jijjiiramni dhufe ulaagaa qophaa’een walbira qabamee sirrummaan isaa kan madaalamu ta’a. Karoorrii sirna barnootaa yemmuu qophaa’uu xiyyeeffannoon qabiyyeefi seer-bu’uuraalee adeemsaa ibsuu qaba.

Qabatamaan moodellin kun mormii hedduu qaba. Kanneen keessaa ijoo kan ta’an raawwii hojii barattootaa madaaluun ulfaataafi rakkoo ga’umsa barsiisaa/tuuti. Moodelli kun barsiisonni hubannoofi murtoo isaaniin yaad-rimee, seera buu’uuraaleefi ulaagaalee gosoota barnootaa keessatti hammataman qulqulleeffachuufi gadi fageeffachuu kan isaan gaafatudha.

Akka moodela Laawreenis Isteenhaawusitti haal- dureen sirni barnootaa of keessatti qabaachuu malu:

  • buu’uuraalee qabiyyee filachuu
  • buu’uuraalee tarsiimoowwan baruu-barsiisuu qopheessuu
  • buu’uuraalee fooyya’insaafi hanqina barataa adaa baasuu danda’uudha.

Moodelli adeemsaa kun moodela kaayyoo irratti hundaa’e caalaa naannoo sirna barnootaatti sirrii akka ta’etti ibsa. Kunis beekumsaafi hubannoo waan giddu-galeessa godhateefiidha jedha. Laawreenis Isteenhaawus moodelli adeemsaa kun barsiisota irraa waan hedduu akka eeguufi qabatamaan hojiirra oolchuun ulfaataa akka ta’e ni amana. Garuu, caasaa sadarkaa olaanaa dagaagina dhuunfaafi ogummaaf ni kenna jedha.

Buu’uuri moodela kanaa dhallii nama addunyaa saffisaan jijjiirama jirtu keessa waan jiraatuuf jijjiirama yeroo dheeraa booda gara fuulduratti barattoota irratti dhufu tilmaamuun hafee yeroo gabaabaa keessatti jijjirama dhufu tilmaamuun ni ulfaata. Kanaaf, haaluma dhugaa barattoonni keessa jiranirraa jalqabuun barbachisaadha kan jedhuudha. Akka yaada kanaatti adeemsi hordofamaa jiru sirrii taanaan bu’aan barbaadamu ofuma isaa dhufuu ni danda’a kan jedhudha. Fakkeenyaaf, barsiisaan Afaanii ogummaa namaa wajjiin yaada wal jijjiiruu barsiisuu  tokko mata- duree kitaabaa keessatti qophaa’e tarii kan barattoonni hinbeekne barsiisuu isaa irraa daree keessa dhufee tokko tokkoon barataa maal akka jaallatuufi jibbu, maaliif akka jaallatuufi jibbu yoo gaafate, tokkoon tokkoo barataa muuxannoo mataa isaa irraa ka’ee yaada isaa salphaatti nama biroo wajjiin wal jijjiiruun ogummaa yaada ofii ibsachuu barata.

Text Box: Gochaa 1.12: Hojii Dhuunfaa
Kaadhimama/tu barsiisatu! Moodela qophii sirna barnootaa adeemsaa hordofuun sirna barnootaa qopeessuu keessatti rakkina maaltu nama mudata jettee yaadda?

III.       Moodeela Qophii Sirna Barnootaa Haalarratti Hundaa’e

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Adeemsa qophii sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannoo moodela haalarratti hundaa’ee ni ibsu.

Moodellin kun Shilbeek haayyuu jedhamuun qophaa’e. Bu’uurri moodela kanaa sirna barnootaa wixinuufi qopheessuuf haala dhugaa haawasni keessa jiru xiinxaluun barbaachisadha kan jedhudha. Kana jechuun sirna barnootaa wixineessuufi qopheessuun dura aadaa uummata barnoota sana barachuuf deemu sanaa xiinxaluu qabna jedhee amana. Qophiin sirna barnootaa mana barumsaa irratti yoo hundaa’ee jijjiirama gaarii mana barumsaa keessatti fida jedhee falama.

Kannafis moodelli Shiilbeek kun, “Sirna barnootaa mana barumsaa buu’uureefate”  jedhamee waamama. Akka yaada moodelaa kanaatti ogeeyyiin sirna barnootaa tokkoo tokkoo mana barumsaa deemanii barsiisota waliin hojjetanii sirna barnootaa qopheessuu qabu. Sirna barnoota wixineessuufi qopheessuuf, moodelli Shiilbeektartiiba ijoo shan of keessa qaba. Isaanis akka armaan gadiittiibsamaniiru:

  1. Haala Xiinxaluu: Kun haala qabatamaa keessatti waliin hojjetan sakatta’uufi xiinxaluu barbaada. Qabattoonni kunis kan alaafi keessaadti.
    1. Qabattoota alaa: kan jedhaman jijjiirama hawaasa bal’aa keessatti mul’atu kan hammatudha. Fakkeenyaaf jijjiirama ilaalchaa addunyaa, hawwii maatiifi uummataa, amala jijjiirama gosa barnootaafi haala barsiisonni kolleejjiifi yuunivarsiitii keessatti deeggarsa kennuuf ga’umsa qabaniidha.
    1. Qabattoota keessaa: kan jedhaman ammoo kanneen akka barattootaafi amala isaanii, barsiisotaafi beekumsa isaanii, fedhiifi dandeettii isaanii, aadaa mana barumsaafi caasaa siyaasaa, leeccalloo jiraniifi rakkoowwan ni mudatu jedhamanidha.
  • Galma barnootaa qopheessuu: Kun himoota galma gochaalee barsiisotaafi barattootaa hammatuudha. Galmi kunis kan argamu haala jiruufi jireenya hawaasaa xiinxaluun ta’ee kaayyoon barnootaas jireenya hawaasa fooyyessuudha.
  • Sagantaa baruu-barsiisuu wixinuu:Sirna barnootaa qopheessuu keessatti hojiin bakka kanatti hojjetamu gosoota barnootaa baratamuu malan filachuu, tartiiba baruu-barsiisuun itti gaggeeffamuufi dagaagina ogummaa barsiisotaa, filannoo meeshaaleefi miidiyaa barnootaa kan hammatuudha.
  • Sagantaa barnootaatti hiikka kennuufi hojiirrra oolchuu: Jalqaba hojiirra oolmaa sirna barnootaa keessatti rakkoowwan yemmuu qabatamaan mul’atan adeemsa hojiirra oolchuu keessatti furmaata itti kennaa adeemuudha.
  • Hordoffii, iyyaaffannoo, yaad-deebiifi fooyyeessuu: Kaayyoon sirna barnootaa hammam akka galma ga’e irratti xiyyeeffachuu caalaa yaad-rimee bal’aa madaallii kan hammatuudha.

Sirna barnootaa wixineessuufi qopheessuuf, moodelli Shiilbeek tartiibni hordofamu qaban shanan akka armaan gadiitiin agarsiifamaniiru.

Fakkii 1.2 Tartiiba moodela Shiilbeek shanan

Akka moodela Shiilbeekitti haala xiinxaluun kun akka filannoo moodeloota kanneen armaan olii lamaanitti (Moodela kaayyoofi moodela adeemsaa) kan ilaalamu miti. Moodelli kun haala irratti

hundaa’uudhaan kan fooyyaa’uufi jijjiiramu akkasumas haala qabatamaa irratti hundaa’ee hojiirra ooluuf banaa ta’eera. Kana malees, moodelli kun adeemsa galma xiinxaluudhaan tasa kan tilmaamamuu miti. Moodelli kun qopheessitootni sirna barnootaa caacculee sirna barnootaa, adeemsi qophii sirna barnootaa, haala waliigalaa adeemsichaa bifa sirnaawaa ta’een akka qopheessaniif kan jajjabeessudha. Walumaagalatti, moodelli kun gochaaleen wiixinee sirna barnootaa haala itti gaggeeffamuu qabu agarsiisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisa.

Text Box: Gocha 1.13: Hojii Garee
1.	Moodela qophii sirna barnootaa Shiilbeek fayyadamuun silabasii kutaa 1 – 4 gosa barnoota keessanii keessaa mata duree tokko filachuun akkaataa qophii silabasii sanaa xiinxaluun hubannoo argattan barattoota daree keessaniif dhiyeessaa.
2.	Garaagarummaa ijoo moodelota kaayyoo, adeemsaafi haala irratti hundaa’e gidduu jiru gareen xiinxaluun barattoota daree keessaniif dhiyeessa.

1.2.1.3. Caaculee Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Caaculee sirna barnootaa addaan baasanii ni himu.

Sirni barnootaa akkuma maqaan himu sirna (system)dha. Kana jechuunis waantota baay’ee waliin ta’anii, sirna barnoota kanneen argamsiisan of keessatti hammata jechuudha. Sirni barnootaa waantota gurguddoo afur: kaayyoo, qabiyyee, muuxannoo barannoo (learning experience)fi madaallii barnootaa (evaluation) of keessatti qabata.

A.       Kaayyoo

Kaayyoon sirna barnootaa sirni barnootaa jijjiirama akkamii barattoota irratti akka fiduu qabu kan agarsiisudha. Kaayyoon caacculee sirna barnootaa warra kaan murteessuuf bu’uuradha.

B.       Qabiyyee Barnootaa

Qabiyyee barnootaa jechuun waan barattoonni gosa barnootaa keessatti baratandha. Qabiyyeen odeeffannoo beekamaa waantota qabatamaa ilaalichisee gosa barnootaa keessatti ammatamee jiru dha malee waan qabatamaa addunyaa keessa jiru jechuu miti. Fakkeenyaaf, barattoonni waa’ee mukaa kan baratan yoo ta’e, mukti uumamaan dirree keessa dhaabbatee jiru qabiyyee miti. Garuu muka sana ilaalchisee odeeffannoon beekamaa ta’eefi gosa barnoota sana keessatti barreeffamee

jiru qabiyyee jedhama. Qabiyyeen kaayyoo sirna barnootaa sana galmaan ga’uuf kan nu dandeesisu ta’uu qaba.

C.   Muuxannoowwan Barannoo

Qabiyyee barnootaa sana barachuuf waan hojjetamuu qabu agarsiisa. Innis hojii sammuufi hojii humana of keessatti qabata. Muuxannoowwan barannoo (Afaan Ingiliziitiin “Learning experience” jedhama) hariiroo barattootni waantota naannoo isaanii jiran wajjiin godhandha. Fakkeenyaaf, dhaggeeffachuu, dubbisuu, barreessuu, yaalii gaggeessuufi kkf. Qabiyyee barnootaa barachuuf hojiiwwan hojjetaman qabiyyee sana wajjiin kan deemaniifi qabiyyee sana alatti jiraachuu hindanda’an. Haaluma kanaan odeeffannoo kitaaba keessatti barreeffame namni dubbisu hinjiru taanaan kitaaba sana barreessuun hinbarbaachisu jechuudha. Odeeffannoon kitaaba keessa jiru qabiyyee yemmuu ta’u, dubbisuun immoo muuxannoo barannooti. “Qabiyyeefi muuxannoon barannoo wal malee jiraachuu hindada’an” kan jedhuuf kanarraa ka’uudhaan jedhamu. Fakkeenyaaf, malleen baruu barsiisuu, gochaalee meeshaalee deggersaa sirrii ta’e filachuudhaan qabiyyeefi kaayyoolee barnootaa wali-simsiisuun qindeessanii dhiyeesuun muuxannoowwan barachuu ilaallata.

D.   Madaallii Sirna Barnootaa

Madaalliin hangam sirni barootaa qopaa’ee sun kaayyoo qophaa’eef akka bakkaan gaheefi jijjiirama barattootarratti akka dhufuuf barbadame sana fiduufi dhiisuu isaa kan ittiin adda baafannudha. Madaalliin adeemsa keessatti ykn dhuma sagantaa irratti gaggeeffamuu nidanda’a. Madaalliin adeemsa keessatti gaggeeffamu hangam hojiin barnootaa karaa barbaadame irra akka gaggeeffamaa jiru addaan baafachuun yoo rakkinni jiraate yeroodhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuuf nama gargaara. Madaalliin walittiqabaa (summative evaluation) immoo jijjiirama walitiqabaatti barattoota irratti dhufe addaan baafachuun murtii keennuuf (Fakkeenyaaf, sirna barnootaa sana itti fufanii fayyadamuufi ykn gatuuf, barattoota sadarkaa itti aanutti dabarsuuf ykn kufiisuuf) nama gargaara.

1.3.      Adeemsa Qophii Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Sirna barnootaa qopheessuuf sadarkaalee keessa darbamu qaban ni tarreessu.

Qophii sirna barnootaa yemmuu jedhamu namni waa’ee sirna barnotaa ni beeka jedhamu tokko bakka murta’ee taa’ee salphaadhumatti kan barreessu namatti fakkaata. Qophiin sirna barnootaa adeemsa ykn sadarkaalee armaan gadii keessa darbuu barbaada. Sadarkaaleen kunneenis:

I.          Fedhii Qorachuu

Fedhiiin garaagarummaa haala qabatamaa amma irra jiramuufi kan gara fuulduraatti ta’uuf hawwamu gidduu jirudha. Kana jechuun, fedhiin waan barbaanne tokkoo dhabuu ykn nutti hanqachuusaa agarsiisa. Hanqina jiru tokko addaan baafachuuf karaa adda addaatiin odeeffannoo funaanuun qaacceessanii xiinxaluun fedhii qorachuu jedhama. Fedhii qorachuun adeemsa qophii sirna barnootaa keessatti hojii jalqabatti hojjetamuu qabu. Osoo fedhii hinqoratiin sirna barnootaa qopheessuu jechuun akka nama osoo warra wayaa/uccuu sana uffatan hinbeekiin akkasumatti callisee wayaa hodhee lafa naqee namoota arge karaa irra waamee, “kottaa uffadhaa” jedhuuti jechaadha. Isa kaanitti ni dheerata, isa kaanitti immoo ni gabaabata, akka tasa namoota baay’ee xiqqoo ta’aniif ta’uu danda’a. Kanaaf, sirna barnootaa fedhii barattootaa, barsiisotaafi hawaasa biyyaa wajjiin deemu qopheessuuf fedhii qorachuun barbaachisaadha. Tarii qorannoon rakkina barnoota biyyaa irratti gad-fageenyaan hojjetameefi rakkinaalee barnoota keessa jiran qajeelootti kan agarsiisu yoo jiraate, fedhii qorachuu osoo hinbarbaachisiin bu’aa qorannoo sanaa irratti hundaa’uun sirna barnootaa qopheessuun ni danda’ama. Qorannoon akkasii hinjiru taanaan garuu fedhii qorachuun gaggeeffamuu qaba.

Fedhii qorachuu keessatti amma danda’ametti odeeffannoo garee adda addaa irraa (amantiin, ilaalcha siyaasaatiin, umuriin, beekumsaafi muuxannoofi kkf) hawaasa keessa jiran irraa yoo funaaname, sirna barnootaa fedhii namoota baay’ee wajjiin deemu qopheessuun ni danda’ama. Haaluma kanaan barumsi akkamii akka barbaadamu namoota waa’ee barumsa irratti hubannoo qaban: maatii barattootaa, namoota siyaasaafi gareewwan barumsa irratti dhiibbaa fiduu danda’an (kan akka waldaa barsiisotaa, namoota amantii, namoota waa’ee barumsaa irratti barreessan), barattoota, barsiisota, hayyoota gosa barnoota barbaadamu irratti dandeettii gad-fageenyaan qaban, namoota dhaabbilee adda addaa keessatti nama qacaranii hojjechiisan, namoota dhaabilee barnootaa keessaa fixanii hojii irratti boba’anii jiran, namoota sababa adda addaatiin barnoota isaanii gidduutti kutan, namoota hawaasa keessatti beekamoofi bakka bu’aa hawaasaa ta’an, fkn, abbootii Gadaa, namoota waantota gara fuulduraatti ta’uu danda’an raaguu danda’anfi kkf filachuun odeeffaannoo irraa funaannachuun barbaachisaa ta’a. Walumaagalatti madda

odeeffannoo bakka sadiitti qooduun ni danda’ama. Isaanis hawaasa, barattootaafi barsiisota ykn hayyoota gosa barnoota sana irratti beekumsa gad-fageenyaan qabandha.

Yemmuu fedhii qorachuun gaggeeffamu, malleen adda addaatti fayyadamuun odeeffannoo guurachuun ni danda’ama. Dandeettiifi fedhii madda odeeffannoo, yeroo qabnuufi odeeffannoo barbaadamuu sana irratti hundoofnee malleen akka bargaaffii, Af-gaaffii, marii garee, sakkatta’a galmeelee biiroo adda addaa irraa fudhachuu (Analysis of social indicators), daawwachuufi galmee barattoottaa sakkata’uu keessaa filachuun ykn walitti maxa’uun (walitti fiduun) itti fayyadamuun odeeffannoo barbaadamuu guurachuun ni danda’ama. Fedhii qorachuu walitti qabaatti akka armaan gadiitti ka’uun ni danda’ama.

Madda ykn Burqaa Odeeffannoo

Hawaasa Barattoota Barsiisota/hayyoota

Falaasama barumsaatti fayyadamuun                     Saayikooloojii barumsaatti Secca’uu (philosophy of education)      fayyadamuun secca’uu

Akkuma armaan olitti agarsiisuun yaalametti, kaayyoon dimishaashaa odeeffannoo fedhii qorachuudhaan argamee irratti hundaa’ee kan barreeffamuufi dimishaashaa ta’eedha. Innis, fedhii barattoota sadarkaafi umurii adda addaa of keessatti qabatudha. Kanaaf, yoo meeshaalee sirna barnootaa kutaa tokko keessatti kennamu qopheessuu barbaadna ta’ee, kaayyoolee fedhii, dandeettiifi dagaagina sammuu barattoota kutaa sana wajjiin deemu filachuun ni barbaachisa. Kana gochuuf immoo akka giddu-galeessatti umuriin barattoota kutaa sanaa meeqa akka ta’e, barattoonni umurii sana irra jiran immoo fedhii maalii akka qabaniifi maal akka barachuufi hojjechuu danda’an beekuun nu barbachisa. Kana beekuuf immoo beekumsa saayikooloojii

barnootaa qabaabachuu qabana. Karaa biraammoo, barattoonni sadarkaa kutaa sana irra jiran yoo maal hojjetan, amala akkamii yoo agarsiisan hawaasa keessatti fudhatama argachuu danda’u kan jedhu beekuun barbaachisaadha. Egaa falsama barnootaafi saayikooloojii barnootaatti fayyadamnee kaayyoolee barnootaa kutaa tokkotti kennamu seccaanee baafanna jechuudha.

II.    Kaayyoo Murteessuu

Adeemsa qophii sirna barnootaa keessatti fedhii qorachuutti aanee kan dhufuu kaayyoo murteessuudha. Kaayyoo murteessuun gocha of eegannoo barbaaduufi isa guddaadha. Kaayyoo barnootaa osoo hinbeekiiniifi hinmurteessiin, qabiyyee, muuxannoo barannoofi akkaataa madaallii filachuun hindada’amu.

Kaayyoon odeeffannoo fedhii qorachuu irraa argamu irratti hundaa’e kan murteeffamudha. Fakkeenyaaf, fedhii qorachuu keessatti hawaasni, barattoonniifi barsiisonni baay’een barattoonni sirna barnoota haaraa qophaa’u keessatti akkaataa itti kompiteeratti fayyadaman barachuu qabu jedhanii yaada kennaniiru yoo ta’e, kaayyoon gooroofi kaayyoon gooree keenya akka armaan gadiitti ta’a.

Kaayyoo Gooroo: Barattoonni barnoota kana erga baratanii booda akkaataa Koompiitera hojii adda addaaf itti fayyadaman ni beeku.

Kaayyoo Gooree: Dhuma barnoota kanaatti, barattoonni:

  • Qamoota kompiteeraafi faayidaa isaanii ni tarreessu.
  • Interneetiitii fayyadamuu ni jaallatu.
  • Waa’ee seenaa Prof.Gabbisaa Ijjataa keeyyata sadii dogogora qubee malee daqiqaa 50 keessatti compiteeratti fayyadamanii ni barreessu.

Kaayyoo yeroo barreesinu, gosa murnaalee sadan (Yaad-sammuu, Ilaalchaafi sochiiqaamaa) of keessatti hammachuu qaba. Haa ta’uu malee akkuma garaagarummaa mat-dureewwaniitti, baay’inni gosa kaayyolee wal caaluu danda’a. Fakkenyaaf, akkaataa teessumni itti hojjetamu barsiisna yoo ta’e, gosa kaayyoo sochii qaamaatti keessatti baay’ata. Waa’ee seenaa Abbichuu barsiisna yoo ta’e immoo gosa kaayyoo yaad-sammuuti keessatti baay’ata ta’a. Yoo immoo waa’ee amantii barsiisna ta’e, gosa kaayyoo ilaalchaati keessatti baay’ata.

III.               Qabiyyeefi Muuxannoowwan Barachuu Filachuu

Adeemsa qophii sirna barnootaa keessatti kaayyoon barnootaa erga addaan baafamee booda itti aansuun kan dhufu qabiiyyeefi muuxannoo barannoo kaayyoo sana bakkaan ga’uuf dandeesiisan filachuudha.

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Qabiyyeefi muuxannoo barannoo ulaagaalee maalii irratti hundaa’anii akka filataman ni tarreessu.

1.         Qabiyyeewwan Barnootaa

Qabiyyeen yaad-rimeewwan, dhugaawwan, seer-bu’uuraaleefi qajeelfamoota barattootni akka barataniif gosa barnotaa keessatti qinda’andha. Qabiyyeewwan wantoota kaayyoo barnootaa galmaan ga’uuf gargaaran waan taa’aniif yemmuu filataman xiyyeeffannoo guddaan kennamuufii qaba.

Text Box: Gocha 1.14: Hojii dhuunfaa
Maalummaafi hariiroo qabiyyeefi muuxannoo barannoo gidduu jiru ibsi.

2.   Ulaagaalee Filannoo Qabiyyeewwanii

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Ulaagaalee filannoo qabiyyeewwaniini tarreessu.
    • Ulaagaalee tarreessan bu’uura godhachuun kitaabilee barataa kutaa 1–4 ni madaalu.

Qabiyyeewwan sirna barnootaa yemmuu filataman, qopheessitoonni sirna barnootaa ulaagaalee qabiyyee sirrii filachuuf isaan gargaaran qabaachuu qabu. Ulaagaaleen kunneenis:

A.     Barbaachisummaa Qabiyyee

Ulaagaan barbaachisummaa qabiyyee kan hojiirra oolu qabiyyeen hangam barbaachisaa ykn bu’uura gosa barnoota tokkoo ykn dhimma ijoo ta’anii baratamuuf akka filatamuu qaban murteessuuf gargaara. Qabiyyeen tokko gosa barnootaa tokkoof bu’aa qaba jedhamee yoo amaname, barbaachisaadha jedhamee sirna barnootaa tokko keessatti hammatama.

Barbaachisummaan qabiyyee hangam kaayyoo gosti barnootaa barsiifamuuf sana bakkaan ga’uuf gargaara kan jedhuun ilaalama.

B.     Qabiyyeen Amanamaa Ta’uu

Qabiyyeen tokko amanamaadha kan jedhamu yoo dhugaarratti hundaa’eedha. Qabiyyeen dhugaa ta’ee ergaa dabarsuu barbaadame sirriitti ni dabarsa. Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru kana keessatti qabiyyeen yeroo waliin adeemu dhabuun rakkoo qopheessitoota sirna barnootaafi qaamolee sirna barnootaa hojiirra oolchaan mudatudha. Fakkeenyaaf, gosoota barnootaa akka saayinsii hawaasaa, herregaafi saayinsii uumamaa keessatti rakkoon jijjiiramaa qabiyyee ni muddata. Jabana kana teekinoolojiin saffisaan guddataafi jijjirama waan buluuf waan har’a amanamaadha jennee fudhannee boor ammo ni jijjirama. Kanaaf qabiyyeewwan barnoota filataman yeroo waliin kandeemaniifi yeroo yeroon madaaluun kan jijjiiraman yoo tahe amamamuma qabaachuu danda’u.

Kana malees, qabiyyeen tokko amanamaa ta’uuf kaayyoo ykn ga’umsa barbaadamee waliin hariiroo sirrii qabaachu qaba. Kana jechuun qabiyyeen tokko amanamaa ta’uuf kaayyoo qophaa’eef kan ibsuu ta’uu qaba. Karaa birra ammoo, kaayyoon waan tokko kan barbaadu ta’ee, qabiyyeen sirna barnootaa filatame immoo waan biraa yoo ta’e, qabiyyeen kun amanamaa miti jechuudha.

Fakkeenyaaf, ga’umsi barnootaa qophaa’e, barattoonni qubee Afaan Oromoo adda baasu kan

`jedhu tahee, Barattoota Qubee addaan baasuu hindandeenyeefi qabiyyeen filatame immoo barattoota hima barreessuu dandeesiisuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’e, qabiyyeen kun amanamummaa hinqabu jechuudha.

C.     Faayidaa Qabeessummaa Qabiyyee

Bu’uurumatti barnoonni kan baratamu jiruufi jireenya hawaassa fooyyesuuf yaadameeti.Sirni barnootaa faayida-qabeessa jedhamee baratttoonni akka baratan kan ta’u, qabiyyeenfilatame sun haala qabatamaa hawaasaafi aadaa hawaasicha waliin yoo adeemedha. Akka ulaagaa kanaatti, qabiyyeewwan sirna barnootaaf filataman jireenya barataaf hawaasa keessatti mijeessuuf ta’u qaba. Dabalees, qabiyyeen filatamu haala qabatamaa uummata keessa jirus kan mul’isu ta’uu qaba. Kanaafuu, ulaagaan filannoo kun qabiyyeen filatamu hawaasummaa

barataa sanaa kan dagaagsu, dudhaalee hawaasaa, yaada hawaasa keessa jiru, rakkoo hawaasa keessatti mul’atu, seer-bu’uuraalee sirna dimokiraasii, hubannoo hawaasaafi komii hawaasaa, jijjiirama hawaasaa kan fiduufi kkf irratti kan xiyyeeffatu ta’uu qaba. Walumaa galatti qabiyyeen filatamu hawaasaa isaanii keessatti barattoonni miseensa ga’umsa qaban akka ta’aniif kan gargaaru ta’u qaba.

D.     Tajaajiltummaa Qabiyyee

Ulaagaan kun kan agarsiisu qabiyyeen sirna barnootaatiif filatamuu, barattootni nama guddaa (ga’eessota) yeroo ta’aniif isaan qopheessuu ta’ee tajaajilu qaba jechuudha.

Ulaagaan kun ulaagaalee barbaachisummaafi faayida-qabeessummaa qabiyyee waliin kan walfakkaatudha. Garuu, tajaajilummaan kan hiikamu gadi fageenyaan tokko tokkoon barattootarratti xiyyeeffateeti. Kana malees, ulaagaan kun yaad-rimee seeraafi faayidaa qabeessummaa qabiyyee tokko tokkoo sirna barnootaa kana keessatti barattoonni baratan irratti kan xiyyeeffatudha. Akka ulaagaa kanaatti qabiyyeen filatamu fedhii barattootni sadarkaa irra jiranirratti qaban kan guutu ta’uu qaba.

E.     Baratamuu danda’uu qabiyyee

Hayyonni barnootaa qabiyyeewwan filataman fedhii barattootaa daree hedduufi adda addummaadandeettii barattoonni qaban guutuu qaba jedhani amanu. Kana jechuun, qabiyyeen tokko barattoota hundaan akka baratamu yoo barbaadame, sadarkaa barbaadame saanaaf ulfaataa ta’uu hinqabu jechuudha. Faallaa kanaan qopheessitoonni sirna barnootaa dandeettii barattootaa sirriitti adda baasanii kan hinbeekne taanaan xiyyeeffannoo barattoota muraasaaf kennuu jechuudha. Kanaafuu, filannoon qabiyyeewwanii haala qabatamaa barattoota adda addaa hubannoo keessa galchuun ta’uu qaba.

Ulaagaan qabiyyee baratamuu danda’uu waliin kan adeemu qophii barnootaaf barattoonni qabaniidha. Barsiistonni daree barattoonni qabiyyee filatame sana barachuuf qophii ta’uu isaanii mirkaneeffachuu qabu.

F.      Fedhii barattootaa

Qopheessitoonni sirna barnootaa fedhii barattoonni qabiyyee barnootaa tokko barachuuf qaban xiyyeeffannoo keessaa galchuu qabu. Ulaagaan kun barbaachisaa haa ta’u malee qabatamaan hojiirra oolchuun rakkisaadha. Sababni isaa fedhii barattoonni waan tokko barachuuuf qaban iyyaafachuun safaruun ulfaataa waan ta’eefidha. Kanaaf, qopheessitoonni sirna barnootaa amma danda’amaa ta’etti muuxannoowwan barannoo adda addaa fedhii barattootaa wajjin walsiman keessatti hammachiisuu qabu.

G.     Madaala bal’inaafi gadi fageenyaa Qabiyyee

Sirni barnootaa yeroo qophaa’uu madaala bal’inaafi gadi fageenyaa haala eeggateen ta’uu qaba. Gadifageenyaan hubachuufi bal’inaan uwwisuun ulaagaalee wal faallessan lamaaniidha. Lamaan isaanii al tokko hojiirra oolchuun ulfaataadha. Xiyyeeffannoo guddaan gad fageenyaaf yoo kenname, gosa barnootaa tokko ykn murasni gad-fageenyaan waan baratamaniif yeroon sana irratti dhuma waan ta’eef gosa barnootaa barbachisoo ta’an kan biraa barachuun hindada’amu. xiyyeeffannoon bal’inaaf yoo kenname immoo gosa barnootaa/mata-dureewwan baay’ee uwwisuuf yaaliin godhama waan ta’eef waan tokko gad fageenyaan baratanii hubachuun rakkisaa ta’a. Kanaaf, amma danda’amaa ta’etti bal’inaafi gad fageenya qabiyyee wal madaalchisuun barbaachisadha. Walumaagalatti, walgitiinsi bal’inaafi gadfageenyi qabiyyee, muuxannoo barattootaa, fedhii hawaasaafi dhimmamtoota hundaa ilaalcha keessa galchuu qaba.

H.       Kaayyoolee hedduu galmaan ga’uu danda’uu

Qabiyyeewwan filataman kaayyoowwan hedduu galmaan ga’uuf carraa kennuu qabu. Beekumsa qabiyyee gonfachuun bu’awwan barachuu keessaa isa tokkodha.  Qabiyyee gaariin beekumsa haarawaafi barbaachisaa tahe, ilaalcha gaarii, amalaafi ogummaa barbaachisaa tahe gonfachiisa. Karaa biraatiin immoo qabiyyeen baratamu barattootni jijjiirama hundagaleessa tahe(yaad-sammuu, ilaalchaafi ogummaa) akka fidan kan dandeessisu tahuu qaba jechuudha. Kana jechuun, qabiyyeen filatamu bu’aa baay’ee kan argamsiisu ta’u qaba jedhudha. Fakkeenyaaf, barsiisaan ‘simbiroota kudhanu mukarra ture, haa jennu, tokko yoo keessaa deemte meeqatu hafa? Lama yoo keessa deeman immoo meeqati hafa?’ jedhe barattootni akka faarsan yoo taasise, barattoonni qabiyyee barnoota

Kana keessatti barattoonni bu’aa baay’ee argatu: afaan Oromoo, Herregafi Muuziqaa barachuu danda’u. Haaluma kanaan qopheesitootni sirna barnootaa qabiyyeewwa bu’aa baay’ee fiduu danda’an filachuu qabu.

I.          Turtii Qaamolee Qabiyyee

Qabiyyeen tokko yeroo hammamiif qaama sirna barnootaa ta’ee turuu akka danda’u murteessuun ni ulfaata. Sababiin isaa yaad-rimeen qabiyyee tokko tokko osoo hinjijjiiramiin yeroo dheeraaf turuu ni danda’a. Takka takka immoo dafee jijjiiramuu ni danda’a. Fakkeenyaaf, barnoonni Lammummaafi barnoonni Hawaasaa saffisaan waan jijjiiramuu danda’aniif turtii qabiyyeewwan kanaa murteessuun rakkisaadha. Haa ta’u malee qabiyyeen filatamu “jette-jettee” irratti kan hundaa’u osoo hintaane amma danda’ametti qabatamaa ta’uu qaba.

Egaa hanga ammaatti ulaagaalee qabiyyee filachuuf barbaachisoo hedduu keessaa kanneen armaan olii ilaallee jirra. Ulaagaaleen qabiyyee filachuu hundiyyuu barbaachisoo ta’anillee, xiyyeeffannoo wal-qixxa tahe yeroo kennamuuf hinmul’atu. Fakkeenyaaf, barbaachisummaa qabiyyee, amanamummaa qabiyyeefi faayida-qabeessummaa qabiyyee tartiiba duraa irraatti argamu. Haa ta’u malee sirna barnootaa qopheesuuf amma danda’ametti ulaagaalee hunda hubannoo keessa galchuun barbaachisaadha.

Text Box: Gocha 1.15: Hojii Garee
Kitaabilee kutaa 1-4 gosa barnoota keessanii fayyadamuun ulaagaalee qabiyyee sirna barnootaa filachuu armaan oliitti ibsaman bu’uura godhachuufi dhiisuu isaanii xiinxaluufi madaaluun argannoo keessan barattoota daree keessaniif dhiyeessa.

1.4.     Muuxannoowwan Barachuu

Muuxannoo barachuu jechuun hariiroo barattoonni waantota naannoo isaanii keessa jiran akkasumas qabiyyee barnootaa wajjiin godhan jechuudha. Muuxannoon barannoo gochaalee sammuufi shaakala barattootni qabiyyee barachuun kaayyoo barnootaa bakkaan ga’uuf godhaniidha. Asirratti waanti hubatamuu qabu barattootni daree tokko keessatti argaman

muuxannoo barannoo garaagaraa kan qaban ta’uu isaati. Muuxannoon barannoo tooftaalee, tarsiimoowwaniifi malleen baruu-barsiisuu gaggeessuuf barbaachisan kan of keessatti hammatedha.

Ulaagaalee Filannoo Muuxannoo Barannoo

Muuxannoon barannoo kaayyoo barnootaa galmaan gahuuuf kan gargaaru ta’ullee akaakuun kaayyoo garaa garaa immoo muuxannoo barannoo adda addaa kan barbaadu ta’uun isaa beekamaadha. Haaluma kanaan, muuxannoo barannoo filachuu keessatti ulaagaaleen hordofamuu qaban ni jiru. Isaanis:

  1. Barattoonni muuxannoo kaayyolee keessatti heeraman shaakaluun argachuu qabu. Kana jechuun kaayyoon barnootaa tokko barattoota dandeettii rakkoo hiikuu gonfachiisuu yoo tahe, barattoonni rakkoo hiikuu haala qabatamaan shaakaluun argachuu qabu.
  2. Barattoonni waan akka gonfataniif kaayyeffame sanatti quufuu/gammaduu qabu.Fakkeenyaaf, kaayyoon qophaa’e tokko barataan rakkoo tahe tokko akka hiikuu danda’uuf yoo tahe barataan kun ogummaa kana gonfachuun rakkoo sana hiikee furmaata argametti kan gammadu ta’uu qaba.
  3. Muuxannoon barannoo haarawaa tokko shaakala/muuxannoo barattoonni duraan qaban waliin walsimachuu qaba. Kana jechuun gochi haaraan barattooni hojjechuu qaban waantota barattootni duraan beekan irraa ka’uu qaba jechuudha.
  4. Muuxannoo adda addaa gara galma tokkootti barata geessan filachuu. Inni kun immoo karaa adda addattiin hojjechuun galma tokko irra ga’uu kan nama dandeesisu jechuudha. Fakeenyaaf, herrega keessatti barattoonni karaa addaaadda ittin pirobileemiif furmaata barbaadan yoo baratan, yemmuu karaa tokkoon isaan diduu/rakkisu karaa biraatiin yaaluu danda’u.
  5. Muuxannoo barannoo kaayyolee hedduu galmaan gahuu dandeesisan filachuu. Fakkeenyaaf, barataan tokko akka bishaan daakee ce’u barsiisna haa jennu. Barataan sun osoo daakaa jiruu biqiltuu, bineensotaafi dhagaa guddaa bishaan keessatti arguu danda’a. Kanaaf, barataan bishaan daakuu (ogummaa jabeenyaa qaamaa) barachuuf jecha waantotni adda addaa akka bishaan keessa jiraatan (baayoloojii) barachuu danda’a jechuudha. Tokkoon tokkoon muuxannoo barannoo kaayyoo barnootaa baay’ee bakkaan ga’achuuf nama gargaara jechuudha.

1.5.     Sirna Barnootaa Qindeessuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Ulaagaalee qindoomina qabiyyeefi muuxannoo barannoo fayyadamuun siilabasiifi kitaabilee kutaa 1-4 nixiinxalu.

Sirna barnootaa qindeessuun karaa itti caacculeen sirna barnootaa (kaayyoon, qabiyyeen, muuxannoowwan barannoofi akkaataan madaallii sirriitti qindaa’anii tokkummaa uumuudhaan meeshaaleen sirna barnootaa (silabasii, kitaabni barataa, qajeelchi barsiisaa, moojulliifi kkf itti qophaa’andha.Elemetootni sirna barnootaa kun haala waal duukaa deemaniifi wal simataniin qindaa’uu qabu. Kana hinta’u taanaan meeshaaleen sirna barnootaa qophaa’an sun namoota dubbisuu barbaadan ofitti hinharkisan; kaayyoo qophaa’aniifis bakkaan geesisuu hindada’an.

Text Box: Gocha 1.16: Hojii Garee
Silabasiifi kitaabilee barataa kutaa 1-4 gosa barnoota keessaanii fayyadamuun Caacculee sirna barnootaa armaan olitti ibsaman bu’uura godhachuun haala qindoomina sirna barnoota irratti mari’achuun ciminaafi hanqina qindoominaa jiru adda baastanii xiinxaluufi madaaluun argannoo keessan barattoota daree keessaniif dhiyeessaa.

Qabiyyeefi Muuxannoo Barannoo Qindeessuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Hubannoo qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo qindeessuu fayyadamuun kitaaba barataa kutaa 1- 4 keessaa qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo fudhachuun qindoomina isaanii ni madaalu.
Text Box: Gocha 1.17: Yaaduu-cimdaa’u-yaada qooduu
Qabiyyeefi muuxannoo barannoo qindeessuun maaliif akka barbaachisu ibsa armaan gaditti kenname dubbisuun dura yaada qabdan waliif qoodaa.

Jijjiirama yaad-qalbii barbaadamu barattoota irratti fiduuf qabiyyeefi muuxannoon barannoo haala wal cimsuu danda’aniin qindeessuun barbaachisaadha. Akka Taabaatti waanti barumsa idilee barumsa miilta’aairraa adda baasu barumsiidilee qindoomina qabaachuu isaati jedha.

Qabiyyeefi muuxannoo qindeessuu keessatti hariiroo oleefi dagalee eeguun barbaachisadha. Hariiroon olee gosa barnootaa tokko keessatti kutaalee sadarkaa barnootaa adda addaa jiran gidduutti walitti dhufeenyaa eeguu yemmuu ta’u, hariiroon dagalee ammo hariiroo gosoota barnoota adda addaa kutaa tokko gidduu jiru kan mul’isudha.

Qabiyyeefi muuxannoo barannoo qindeessuu keessatti yaad-hiddamootni baruu-barsiisuu hojiirra kan oolanidha. Kunis, kamtu dura baratama, kamtu itti aanee dhufa isa jedhu murteessuuf, fedhii, dandeettii, kaka’umsaafi qophaa’ina barattootaa ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha. Walumaagalatti, qindeessuun qabiyyeewwaniifi muuxannoowwan barannoo tartiiba eeguun kaa’uu/barreessuudha.

Text Box: Gocha 1.18: Mala Piiraamiidii
Gaaffilee armaan gadii jalqaba dhuunfaan irratti yaadaa, achii yaada keessan hiriyyaa tokko isin bira jiruuf qoodaa. Itti aansuun garee nama afuriin waliin mari’adhaa. Barsiisa, isin immoo gareewwan jiran keessaa muraasni waanta irratti mari’atan dareef akka dhiyeessan godhaa. Gareewwan hafan immoo yaad-deebii akka kennan taasisi.
1.	Qophii sirna barnootaa keessatti qabiyyeefi muuxannoo barannoo qindeessuun faayidaa maalii qaba? Ibsa kenname bu’uura godhachuun, achiin booda marii keessan jalqabaa keessatti yaada kaaftan isa kana waliin walbira qabuun hubannoo argattan waliif qoodaa.
2.	Qabiyyeefi muuxannoon barannoo yoo hinqindoofine rakkoo maaltu uumamuu danda’a?

Seer-bu’uuraalee Qindoomina Qabiyyeefi Muuxannoowwan Barachuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Seer-bu’uuraalee qabiyyeefi muuxannoo barannoo qindeessuu ni tarreessu.

Taayileer adeemsa qindoomina sirna barnootaa keessatti seer-bu’uuraalee armaan gadii addaan baasee jira. Isaanis:

  1. Yaad-rimee baratamu sana babal’isuun muuxannoowwan barannoo garaagaraa akka dagaagan gochuu. Fakkeenyaaf, barnoota hawaasa keessatti daa’imman mana maatii ykn jireenyaa irraa

ka’uun gara gandaatti, gara naannootti, gara guutummaa biyyaattiifi gara addunyaatti bal’isuun barsiisaa deemuudha. Dubbisuu barsiisuu keessatti qubee irraa eegaluun  gara jechaa, himaafi barreeffamaatti bal’isaa deemuu.

  • Yaad-rimeewwan bal’isuun muuxannoo hedduun akka argamu goochuu. Fakkenyaaf, walitti dhufeenya biyyoota gidduu jiru ibsuuf gama diinagdeen, hawaasaan,miidhaginaa ta’u ni danda’a.
  • Seera tartiibaa: kun barattoonni dagaagina gochaalee ykn taateewwan yeroo keessatti tartiibaan akka hubataniif isaan gargaara. Kunis tartiiba waan tokkoo eeguudhaan qindeessuu barbaada. Kanaaf, seera kanatti fayyadamuuf qindoomina Xinsammuu (qor-qalbii-kan fedhiifi dandeettii barattootaa irratti hundaa’e) qabaachuun barbaachisaadha. Kunis, gahee barattoonni  qindeessuu keessatti qaban bali’suufi gadi fageessuuf tajaajila.
  • Seeronni qindoominaa kan biroon amaleeffatamaan bal’inaan hojiirra oolchuufi gochaalee keessatti dachaadhaan baay’isuudha. Fakkeenyaaf, gosoota barnootaa barsiisuu keessatti ibsuun booda barattoonni akka gadi fageenyaan qaaccessan gochuu, agarsiisa tokko booda seerota agarsiisaa sana bal’inaan ibsuufi kkfdha.

Ulaagaalee Qindoominaa Qabiyyeefi Muuxannoowwan Barannoo

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Ulaagaalee qindoominaa sadan ni ibsu.

Qopheessitoonni sirna barnootaa qabiyyeefi muuxannoo barannoo ga’umsaan qindeessuuf ulaagaaleen afur guutamuu qabu jedhu. Ulaagaaleen kuniswaltti-fufiinsa, wal-simannaa, caal- fufiinsafi bal’ina daangessuudha.

A.     Walitti-fufiinsa ykn Hariiroo Olee:

Qabiyyeewwan baratamuu qaban karooraan kutaa walitti aanee jiru keessatti irra deddeebi’anii dhiyaatu jechuudha. Kan hubatamuu qabu garuu, sadarkaalee gad-aanaa gara ol-aanaatti yemmuu deemamee irra deddeebi’amu yeroo hunda sadarkaan ulfaatinaafi walxaxiinsa qabiyyeewwanii dabalaa deema. Qabiyyeewwan irra deddeebi’aman kunis kan jireenya barattoota keessatti baay’ee barbaachisoo ta’aniifi dagatamuu hinqabnedha. Waltti-

fufinsi kan eegamu gosa banootaa tokko sadarkaa/kutaa adda addaa keessatti kennamu keessatii. Fakkeenyaaf, waa’ee ‘waltti-dhufeenyaa’ barsiisu barbaanna yoo ta’ee:

  • Saayinsii naannoo kutaa 1ffaa keessatti, mata duree’ Maatii’
    • Saayinsii naannoo kutaa 3ffaa keessatt, mata duree ‘Hawaasa’
    • Ji’oograafii kutaa 10ffaa keessatti, mataa duree ‘Biyyoota’ jedhan galchuun ni danda’ama. Dhalli namaa kaamiyyuu nama kaan wajjiin waltti dhufeenyaa qabachuu qaba, qofaa isaatti jiraachuu waan hindandeenyeef. Walitti dhufeenyii dhala namaaf uumurii guutuu barbaachisaa waan ta’eef, waa’ee dhimma kanaa gad-fageenyaan baratee hubachuu qaba.

Kanaaf, ijoollee kutaa 1ffaa barataniif saayinsii walsimaataa ‘Saayinsii Naannoo’ jedhamu kan qabiyyeewwan saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaa walitii qabaatee jiru keessatti mata dure qabiyyee hawaasaa ta’uu danda’u ‘Maatii’ keessa galuu danda’u. Ijoolleen sadarkaa kana irra jiran xixiqqoofi bilchina kan hinqabne waan ta’aniif sadarkaa kanatti kan isaan barachuufi hubachuu dand’an waltti dhufeenya maatii gidduu jirudha. Gaafa kutaa 3 gahan immoo waltti dhufeenya maatii isaaniifi hollaa gidduu jiru yoo baratan hubachuu danda’u. Gara kutaa 10ffaa yemmuu dhufan immoo walitti dhufeenyaa uumatoota biyyoota adda addaa gidduu jiruu baratu. Haala kanaansa darkaa adda addatti hariiroo qabiyyee gosa barnootaa tokko/walfakkaatoo gidduu jiru eegamuun hubannoo barattootaa cimsaa deema. Walitti-fufinsi hariiroo irra-gadii (vertical relationship)dha.

B.     Wal-simannaa ykn Hariiroo Dalgee:

Hariiroo dalgee jechuun, qabiyyeewwan gosa barnootaa sadarkaa/ kutaa tokko keessatti kennaman wal simsiisuu jechuudha. Sadarkaa gad aanaa keessatti ijoolleen waantota naannoo isaanii jiran addaan baasanii beekuu hindanda’an waan ta’eef wal-simannaa cimaan jirachuu qaba. Kanaaf, yeroo ammaa kana ijooleen kutaa 1-4 jiran saayinsii naannoo kan qabiyyee saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaa walsimsiisee qabate barachaa jiran. Kana keessatti qabiyyee saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaa wal cinaa kan ta’aan osoo hintaanee walmakanii qindeeffamuu qabu. Sadarkaa kutaa 7-8tti garuu qabiyyeeleen walfakkaatoon gosa barnootaa adda addaa kutaa tokko keessatti kennaman keessa galu jechuudha. Fakkeenyaaf, waa’ee ‘Kunuunsa Naannoo’ Baayooloojii kutaa 8, Hawaasa kutaa 8fi IAfaan Ingliizii kutaa 8 keessa galuu danda’a. Kun kan godhamuuf waan gosa barnootaa tokko keessatti baratamu gosa barnootaa biraa barachuuf akka gargaaruufi akkasumas

hubannoo barattootaa dhimma sana irratti cimsuudhaafi. Wal simannaan waltti-dhufeenya dagalee (horizontal relationship) ti.

C.           Tartiiba

Tartiibni (Affan Ingiliziitiin “sequence” isa jedhamu) qabiyyeewwaniifi meeshaaleen barnootaa duraa duuba isaanii eeganii kaa’uudha. Caal-fufiinsi maaltu dura, itti aaneefi dhuma irratt akka dhufuu qabu murteessuun qindeessuudha. Caal-fufiinsi haala waliigalaan bifa lamaan ta’uu danda’a.

  1. Tartiiba Loojika: Akka caal-fufiinsi loojikaalaatti qabiyyeewwan tartiiba duraa duuba isaanii eeganii kan qindaa’an yemmuu ta’uu, gaaffii, “maaltu maalitti aanee dhufuu qaba?” jedhu haala gosa barnootaa irratti hundaa’eeti. Fakkeenyaaf, barnoota seenaa keessatti gochaaleen tartiiba yeroo itti raawwataniin duraa duuba isaanii eeganii kaa’amu. Kana jechuun gochaaleen dur ta’aan kitaaba keessatti dura yemmuu dhufan, warri dhiwoo ta’aan immoo dhuma kitaabichaati dhufu.

Herrega keessatti ijoolleen jalqabatti lakkoofsa, mallattoolee ida’uu, hirrisuu, baay’isuufi hiruu erga baratanii booda haala qabtamaan tartiibuma isaa eeganii ida’uu, hirrisuu, baay’isuufi hiruu baratu. Adeemsa kana keessa beekumsi haaraan beekumsa duraan hubatamerratti ijaaramaa adeema. Haala kanaan barattoonni waan tokko hubatanii waan itti aanu barachuuf qophaa’aa adeemu.

  1. Tartiiba Xinsammuu bu’uureffate: Kana keessatti qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo tartiibaan sirreessanii qindeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kan kennamu haala qabatamaa barattootaa (hawwii, fedhiifi dandeettii isaanii)fi qabiyyee sana wajjiin wal simatuundha.

Qopheessitoonnii sirna barnootaa qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo kan filataniifi qindeessan haala dagaagina barattootaa keessumaayyuu addaa addummaa dhuunfaa:hawwii, fedhii, dandeettii,fi k.k.f ilaalcha keessa galchuun ta’uu qaba. Haaluma kanaan, qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo:

  • Salphaa irraa ulfaataatti
    • Qabtamaa irraa axereeratti
    • Dhiwoo irraa fagootti, kkf tti qideeffamuu qabu.

D.   Bal’ina Qabiyyeefi muuxannoo daangessuu

Kun bal’ina qabiyyeefi muuxannoo barannoo maaltu barattoota sadarkaa adda addaa mana barumsaa keessa jiraniifi tokkoo tokkoo gosa barnootaa keessatti akka kennamuu qabu agarsiisa. Kunis qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo qopheessitoonni sirna barnootaa sadarkaalee adda addaa irratti faayidaa qabeessa ykn barbaachisoodha jedhanii yaadaniidha. Bal’inni sadarkaa kutaa tokkootti, semisteera tokkootti, waggaatti kan baratamuu qabu akkasumas gosa banootaa tokko keessatti ammamti baratamuu qaba kan jedhu murteessuudha. Bal’ina murteessuuf yeroo/ wayitii akka waliigalaatti barumsaa akkasumas gosa barnootaa tokkoof kenname dursanii beekuun barbaachisaadha. Itti dablaanis, bal’ina murteessuuf sadarkaa bilchinaafi muuxannoo barattootaa beekuun barbaachisadha. Qabiyyeefi muuxannoo barannoo akka faayida qabeessummaafi barbaachisummaa isaaniitti erga tartiibaan ta’anii booda yeroofi sadarkaa bilchinaa barattoonni irra jiran keessatti warra baratamanii dhumuu dand’an sina barnootaa keessa galu jechuudha. Kana gochuu keessatti qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo baay’ee barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoo duraa kennuun kanneen barbaachisummaan isaanii xiqqaa ta’ef immoo yeroo gahan hinjiru yoo ta’e sirna barnootaa keessaa hambisuudha.

Bal’ina gutumaagutuutti bira ga’uun baay’ee rakkisaadha. Bal’inni kan bira ga’uun danda’amu sirni barnootichaa yoo fedhii hawaasa hundaa guute, rakkoo barattootaa sadarkaa barnoota hundaatti furefi seer-bu’uuraalee bu’uura ta’an kanneen akka dudhaalee hawaasaa, rakkoo hawaasaa ilaalcha keessa galchee qophaa’edha.

Xumura qindoomina sirna barnootaatti, meeshaalee sirna barnootaa arganna. Meeshaaleen sirna barnootaa kunis silabasii, kitaaba barataafi qajeelchaa barsiisa fa’i. Mee tokoo tokkoo isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.

1.       Silabasii

Meeshaalee sirna barnootaa sadarkaa manneen barnootaatti hojiirra oolaniif silaabasiin bu’uuradha. Kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa silabasii irratti hundaa’uudhaan qophaa’u. Silabasiin kaayyoolee barnootaa, qabiyyeelee barnootaa ijoo ta’an, malleen baruu-barsiisuu, gochaalee barataafi barsiisaa, malleen madaallii, meeshaalee barnootaa (instructional

materials), qoodama wayitiifi kkf boqqonnalee tokko tokkoo isaniif barbaachisan of keessatti qabata.

2.       Kitaaba Barataa

Silabaasiin gosa barnootaa hordofuun qophaa’a. Haaluma kanaan waanti silabasii keessatti hammatame kitaaba barataa keessatti bal’inaan dhiyaata. Kitaabni barataa odeeffannoo, fakkii, giraafii, taattoofi mallattoolee ifa ta’anitti fayyadamuun qophaa’uu qaba.

3.       Qajeelcha Barsiisaa

Barsiisaan barnoota barsiisuu(qabiyyee, muuxannoo barannoo keessaayyuu akkaataa itti barsiisuufi akkaataa barattootaa madaaluu) irratti beekumsaafi ogummaa gad–fagoo akka qabaatu gargaara. Barsiisaan gaaffilee cicimoo ta’aniif deebii qajeelcha barsiisaa irraa argachuu danda’a. Kanaaf jecha, yeroo baay’ee qajeelchi barsiisaa akka gargaaraa barsiisaatti ilaalama.

Text Box: Gocha 1.19: Hojii Garee
1.	Silabasii ykn kitaaba barataa kutaa 1 – 4 fudhachuun ulaagaalee qindoomina qabiyyeefi muuxannoo barannoo armaan olitti eeraman hangam akka hojii irra oolan madaallii gaggeessuun dareef gabaasaa.
2.	Akkaata gosa barnoota keessaniitiin silabasii kutaa 1-4 fudhachuun barnoota kutaa 1-4 gidduu hariiroo olee jiran ibsaa.
3.	Silabasiin saayinsii naannoo kutaa 4ffaa silabasii herregaa kutaa 4ffaa waliin hariiroo dalgee qabbachuu isaanii sakata’uun ibsaa. Argannoo keessan barreefaman barsiisa keessaniitti gabaasaa.

Walitti-Dhufeenya Barsiisaafi Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Walitti-dhufeenya barsiisaafi sirna barnootaa ni ibsu.

Barsiisaan baruu-barsiisuudhaaf odeeffannoo barbaachisaa ta’an kan akka maaliif, maal, akkamitti, yoom, eessatti, ammam akka barsiisuufi akkamitti bu’aa baruu-barsiisuu akka madaalu

sirna barnootaa irraa argata. Kanaaf, sirni barnootaa barsiisaadhaaf meeshaa inni/isheen waantota hojiif barbaachisoo ta’an irra argatu jechuudha. Barsiisaan immoo sirna barnootaa qophaa’uu hojiirra kan oolchuudha. Kan inni/isheen sirna barnootaa haala gaariin hojiirra oolchuu danda’u/dandeessu immoo yoo waa’ee sirna barnootaa beeka/ti ta’edha. Kanaaf, barsiistoonni qophiifi madaallii sirna barnootaa keessatti haalan hirmaachuu qabu. Barsisoonni waan ofii  isaanii murteessan tokko hojii irra hinoolchinu jechuun isaanitti ulfaata waan ta’eef hirmaannaa isaan qophii sirna barnootaa keessatti qaban cimsuun barbaachisaadha.

Text Box: Gocha 1.20: Hojii Dhuunfaa
Sirni barnootaa hinjiru yoo ta’e rakkina akkamiiti barsisoota mudata jettee yaadda?

Cuunfaa Boqonnaa

  • Akkuma armaan olitti bal’inaan dhiyaate, yaad-rimee sirna barnootaa jedhuuf hiikni tokkichi namni hundi irratti waliigalu kan hinjirre ta’uusaa hubannee jirra. Ogeeyyiin adda addaa muuxannoofi falaasama hordofan bu’uura godhachuun hiika adda addaa kennanii jiru. Haa ta’u malee baay’een isaanii sirna barnootaa jechuun muuxannoowwaan barattoonni karooraan hoggansa mana barumsaa jalatti argatan yaada jedhu giddugaleessan ni kaasu.
  • Bu’uuraaleen sirna barnootaa beekamoon afur jiraachuu isaanii ka’eera. Isaanis falaasama barumsaa, hawaasaafi aadaasaa, xinsammuu bu’uureffatefi seenaa barnootaa ti. Bu’uuralee sirna barnootaa kun qophii sirna barnootaatiif hundee dha jechuudha. Falaasamni barumsaa qabiyyeewwanfi muuxannoowwan barannoo safuu hawaasaa agarsiisan filachuuf gargaara. Kan xinsammuu bu’uurefatan immoo, barnootaa qabiyyeewwanfi muuxannoowwan barannoo fedhiifi dandeettii barattootaa waliin deeman filachuuf gargaara. Qopheesitoonni sirna barnootaa aadaa hawaasaa faayida qabeessa ta’e sirna barnootaa keessa galchuu qabu. Kana gochuuf aadaa hawaasichaa beekuu qabu. Itti dabalataas, seenaa barumsa darbee beekuun dahabinaa isaa irra barachuun sirna barnoota fooy’aa ta’e qopheessuun barbaachisaadha.
  • Barsiisaa/tuufi sirna barnootaa gidduu walitti-dhufeenya cimaatu jira. Gama tokkoon, barsiisonni sirna barnootaa hojiirra oolchuu, qorannoo gaggeessuu, madaaluufi fooyyessuu

keessatti gahee guddaa taphatu. Gama biraan immoo, sirni barnootaa madda odeeffannoo hojii baruu-barsiisuu ta’ee barsiisota gargaara.

  • Moodeloota qophii sirna barnootaa keessaa moodela kaayyoo, adeemsaafi haala xiinxaluu caqasuun ni danda’ama. Sirna barnootaa qopheessuu keessatti moodeloota adda addaatti ykn haala walmakaa ta’een fayyadamuun kan danda’amu yoo ta’e illee haala qabatamaa biyya keenya keessatti hojii irra oolaa jiruun qopheesitootni sirna barnootaa baay’inaan kan itti fayyadamaa jiran moodela kaayyooti. Qophiin sirna barnootaa adeemsawwan bu’uuraa: fedhii qorachuu, kaayyoo barnootaa murteessuu, qabiyyeefi muuxannoo barannoo filachuufi qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo qindeessuu keessa darbuu qaba. Dhuma qindoomina sirna barnootaatti meeshaalee sirna barnootaa: silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa arganna.

Shaakala Boqonnaa

Qajeelfama: Himoota armaan gaditti dhiyaatan kanneen sirrii ta’an DHUGAA, kanneen sirrii hintaane immoo SOBA jechuun deebisi.

  1. Namni fayyaa ta’eefi hojjetee jireenyaa isaa addunyaa keessatti gaggeeffatu hundi barumsa miilta’aa ni qaba. .
  2. Barumsi Idileefi misoomni biyyaa wal deggeranii deemuu qabu.
  3. Walitti- fufiinsi qindoomina qabiyyeewwan sirna barnootaa, barnoota tokko keessa kanneen jiran kan agarsiisuudha.
  4. Bu’uuraaleen xinsammuu bu’uurefate qophii sirna barnootaa keessatti, amala barattootaa

sakatta’uun, kaayyoo barnootaa, qabiyyee barnootaa, malleen baruu-barsiisuufi tooftaalee madaallii qopheessuuf gargaara.

  • Barumsi dhala namaa qofa ilaalata.
  • Falaasamni barnootaa bu’uura qophii sirna barnootaati.
  • Qabiyyeefi muuxannoowwan barannoo wal malee bu’a qabeessa ta’uu hindanda’an.
  • Hariiroon Baayooloojii kutaa 7fi Hawaasa kutaa 7 gidduu jiru hariiroo walti-fufinsaa ti.
  • Fedhii qorachuun caacculee sirna barnootaa keessa tokkodha.
  • Madaalliin sirna barnootaa dhuma irratti qofa kan ta’udha.

II.    Gaaffilee armaan gaditti dhiyaataniif qubee deebii sirrii kan qabate filachuun deebisi.

  1. Hayyuun fedhii qorachuuf ilaalcha guddaa kennu kanneen armaan gadii keessaa kamii?
    1. Taayiler              B.      Wiiler              C.         Taabaa                   D. Shilbeek
  2. Ulaagaalee filannoo qabiyyeewwaniifi muuxannoowwan barannoo keessaa qabiyyeen tokko dhugaarratti hundaa’uu akka qabu kan ibsu kamii?
    1. Barbaachisummaa       B.         Amanamaa ta’uu

C.        Tajaajiltummaa            D.        Hunda

  1. Kan sirna barnootaa hinqabneefi waraqaa ragaa hinargamsiisnee isa kamii?
A. Barumsa IdileB.Barumsa Miilta’aa
C. Barumsa Al-idileeD.Hundi deebii dha
  1. Qindoominni sirna barnootaa kutaa 1-4 maal ta’uu qaba?
    1. Walsimataa      B. Baaqqee     C.        Gad-fageenya kan qabu D. Hundi deebii dha
  2. Kanneen armaan gadii keessaa barumsa Al-idilee kan hintaane kami dha?
    1. Leenjjii gaggabaaboo
    1. Leenjjii qonnaa baballisuuf gaggeeffamu
    1. Barumsa Fayyaafi Qusannaa maatii mana yaalatti hawaasaaf kennamu
    1. Barumsa yunivasiitii keessatti kennamuu

III.      Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii barreeffamaan deebisi.

  1. Garaagarummaa bu’uuraalee qophii sirna barnootaa adda addaa gidduu jiru ibsi.
  1. Ulaagaalee qindoomina sirna barnootaa tarreessi.
6
Created on By admin

TECS 112 Chapter 1 Quiz

TECS 112 Chapter 1 Quiz

1 / 6

TECS 112 1.1. Barumsi bifa meeqa qaba?

2 / 6

TECS 112 1.2. Bu’uuraalee qophii sirna barnootaa keessaa kan aadaa fi sonawwan hawaasaaf xiyyeeffaannoo kennuun dhiibbaa godhu isa kami?

3 / 6

TECS 112 1.3. Hawaasni yoo hinjirre, barumsi jiraachuu hindanda’u.

4 / 6

TECS 112 1.4. Sirni barnootaafi fedhiin mootummaa walitti dhufeenya cimaa qabu.

5 / 6

TECS 112 1.5. Barumsi miilta’aan caasaa hinqabu.

6 / 6

TECS 112 1.6. Moodeelonni qophii sirna barnootaa bakka meeqatti qoodamu.

Your score is

The average score is 44%

0%

Seensa

Boqonnaa 2: Hojiirra Oolmaa, Madaalliifi Jijjiirama Sirna Barnootaafi Seenaa Dagaagina Barnoota Itoophiyaa

Boqonnaa tokkoffaa keessatti hiika barnootaa, akaakuu barnootaa, faayidaa barnootaa, maalummaa sirna barnootaa, bu’uuraalee sirna barnootaa, moodeloota qophii sirna barnootaa adda addaafi adeemsa qophii sirna barnootaa ilaallee jirra. Mata dureewwan eeraman kanarrattis hubannoo akka argattan abdii guddaa qabna. Boqonnaan kun immoo akkaataa hojiirra oolmaa sirna barnootaa, jijjiiramaafi madaallii sirna barnootaa, adeemsa jijjiirama sirna barnootaa, qabattoota rincica jijjiirama sirna barnootaa, kaayyolee madaallii sirna barnootaa, gosoota madaallii sirna barnootaafi ulaagaalee madaallii ijoo sirna barnootaa irratti xiyyeeffata. Dabalataanis, waa’ee barnoota aadaa, barnoota amantaafi imaammata barnootaafi leenjii Itiyoophiyaas boqonnaa kana keessatti haammatamanii jiru. Walumaagalatti, boqonnaa kana keessatti qabiyyeewwan eeraman kana irratti hubannoo horachuuf of-qopheessuun isin irraa eegama.

Ga’umsa Boqonnichaa

Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Akaataa hojiirra oolmaa, madaalliifi jijjiirama sirna barnootaani ibsu.
  • Sirna barnootaa hubachuun hojiirra ni oolchu.
  • Qabattoota hojiirra oolmaa sirina barnootaa irratti dhiibbaa geessisan adda ni baasuu.
  • Sababoota rinciicaa jijjiirama sirna barnootaa nimadaalu.
  • Barbaachisummaa madaallii sirna barnootaa ni xiinxalu.
  • Kallattii barnoota ittiin leenji’aniin qulqullina kitaabilee barnootaa sadarkaa tokkoffaa ni madaaluu.
  • Aadaafi dudhaalee Saba Oromoo dhalootaa dhalootatti dabarsuu keessatti gumaacha Sirna Gadaa Oromoo hubachuun sonawwan Sirna Gadaa keessa jiran jireenya isaani keessatti hojiirra ni oolchu.
  • Bu’aawwan barnoonni manneen amantaafi aadaa seenaa guddina barnoota Itiyoophiyaa keessatti gumaachan adda ni baasu.
  • Seenaa dagaagina barnoota ammayyaa Itiyoophiyaafi dhiibbaa biyyoota alaa ni xiinxalu.

2.1  , Adeemsa Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

Text Box: Gocha 2.1: Hojii Garee
Sirni barnootaa tokko erga qophaa’ee booda akkaataa inni itti hojiirraa oolu danda’u irratti mari’achuun calaqqee keessan barattoota dare keessaniif dhiyeessaa.

Adeemsa hojiirra oolmaasirna barnootaa ni ibsu.

Sirni barnootaa haaraan hojiirra yeroo oolutti yeroo dhaaf rakkooleen mudachuu ni danda’u. Kunis, fedhii maamiltoota sirna barnootaa guutuuf ga’umsa qopheessitoota sirna barnootaa bal’inaan kan barbaadu ta’uusaa calaqqisiisa. Kanaafuu, hojii irra oolmaan sirna barnootaa taateewwan yeroo gabaabaa muuxannoo duraan jiraniin walsimsiisuuf taasifamudha. Sirna barnootaa haaraa tokko hojiirra oolchuuf adeemsa dhaabbilee barnootaa jijjiiruu gaafata. Sirna barnootaa haaraa tokko mana barumsaa keessatti haala quubsaa ta’een hojiirra oolchuuf barsiisonni qabxiilee armaan gadiif xiyyeeffannoo kennuu qabu.

  • Sirna barnootaa haaraa sana sirriitti hubachuu;
  • Hojiirraa oolchuuf tarsiimoo ifa ta’e qopheessuu;
  • Sirna barnootichaa hojii irraa oolchuuf haala mijeessuu;
  • Sirna barnoota haaraf sadarkaalee adda addaa irratti deeggarsa argachuu;
  • Haalleen mana barumsaa jijjiirramaaf mijeessuudha.

2.2  , Qabattoota Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaa Irratti Dhiibbaa Geessisan

  • GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:
  • Qabattoota hojiirra oolmaa sirna barnootaarratti dhiibbaa geessisan niibsu.

I.        Qabattoota Jijjiirama Sirna Barnootaa Waliin Wal-qabatan

Text Box: Gocha 2.2: Hojii Garee

Qabattoota qabatamaan hojiirra oolmaa sirna barnootaarratti dhiibbaa geessisuu danda’u jettan tarreessuun gareen irratti mari’adha.

Yeroo sirni barnoota haarawaa tokko hojiirra oolu qabattootni hojiirra oolmaa isaarratti dhiibbaa geessisan ni jiru. Qabatamtootni kunis, fedhiifi bu’aa qabeessummaa sirna barnootichaa, iftoomina sirna barnootichaa, wal–xaxiinsa sirna barnootichaafi qulqullinafi gara hojiitti jijjiramuu sagantaalee sirna barnootichaati.

Qabattotni siran barnoota kunneen akka armaan gadiitti gabaabinaan ibsamaii jiru.

A.     Fedhii Hojiirra oolchitootaafi bu’aa qabeessummaa sirna barnootichaa:

Fedhiin jijjiirama barbaachiseefi bu’a qabeessummaan sirna barnootichaa sirriitti hubatameera taanaan, hojiirra oolmaan isaa daran ni milkaa’a.

B.     Iftoomina sirna barnootichaa

Qabataan kun ammoo galmiifi kaayyoon sirna barnootaa itti fayyadamtootaaf ifaa ta’uu akka qabu agarsiisa. Hubannaan galma ka’ameefi fayidaaleen irraa argamuu dandaa’an cimaadha taanaan, sadarkaan hojii irra oolmaa sirna barnootichaas cimaa ta’uu danda’a.

C.     Wal–xaxiinsa sirna barnootichaa

Ulfaatinaafi sadarkaa jijjiiramaa ittifayyadamtoonni sirna barnootaa barbaadan jechuudha. Sirna barnootaa keessatti kalaqni haarawaa yoo jiraateefiqabiyyeewwan barbaachisoo ta’an yoo dabalaa adeeman hojiirra oolmaan sirna barnootaa ni cima.

D.     Qulqullinafi gara hojiitti jijjiramuu sagantaalee sirna barnootichaa

Kun kan ibsu qulqullinaafi argamiinsa odeeffannoo ykn yaadaati. Itti fayyadamtoonni odeeffannoon dhiyaate fedha isaanii guutuufi hojiitti jijjiiramuu danda’uu isaa amananii fudhachuu qabu. Yoo akkana hintaane, hojiiirra oolmaan sirna barnootichaa milkaa’uu dhiisuu danda’a.

  1. Qabattoota jijjiirama sirna barnootaa keessoofi naannoo mana barumsaatiin walitti hidhatan

A.     Gahee hoggansaa

Hoggansi ga’umsa qabu yoo jiraate, raawwiin sirna barnootaa olaanaa ta’a. Hoggansi sadarkaa mana barumsaatti argamu raawwii sirna barnootaa sirriitti hordofuu, to’achuu, madaaluufi gargaaruu baannaan tarsiimoon sirna barnootaa tokko hojiirra ooluu hindanda’u.

B.     Walitti dhufeenya Barsiisotaa

Barsiisota gidduutti waligalteefi waldeggersi, wal-amantaa, waliin hojjechuufi qunnamtii gaariin yoo jiraate, raawwiin sirna barnootaa ni milkaa’a.

C.     Amaloota barsiisaa

Tokkoon tokkoo barsiisaa mana barumsaa keessa jiru sadarkaa barumsaa, beekumsaafi dandeettii kutaa itti barsiisuu gitu yoo qabaate, raawwiin sirna barnootaa daran olaanaa ta’a.

III.       Qabattoota mana barumsaa alaan wal-qabatan

Waliigaltee, hubannoofi waldeggersi qaamolee mootummaafi dhimmamtoota biroo yoo cimaa ta’e, hojiirra oolmaan sirna barnootaas ni saffisa.

Walumaagalatti, qabattoonni raawwii sirna barnootaa irratti dhiibbaa geessisan dhimmoota armaan gadii ta’uu danda’u:

  1. Sirna barnootaa    haaraa qophaa’e hojiirra ooluuf jedhu (fedhii maamiltootaa wajjiin deemuusaa)
  2. Haala qabatamaa barattootaa (fedhiifi dandeettii isaanii)
  3. Ga’umsa ogummaa barsiisootaa
  4. Argamuu leecalloo baruu-barsiisuuf barbaachisan
  5. Naannoo mana barumsaa (mija’aa ta’uusaa)
  6. Naannoo mana barumsaan alaa (barumsaaf danqaa kan hintaane ta’uusaa)
  7. Walitti dhufeenya hawaasaafi mana barumsaa gidduu jiru
  8. Haala hoggansa mana barumsaa

2.3    Sadarkaalee Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaa

Sirna barnootaa haaraa qophaa’ee tokko hojjiirra oolchuu keessatti sadarkaalee lama keessa darbuun barbaachisaadha. Sadarkaaleen kunis:

i.           Yaalii Duraa

Kitaabni, silabasiifi qajeelchi barsiisaa qophaa’an sun isa dhumaa miti. Meeshaalee sirna barnootaa jalqabaaf qophaa’an manneen barnootaa hunda keessatti hojiirra oolchuu osoo hinjalqabiin dura manneen barnootaa murasaafi bakka bu’oota ta’uu danda’an filachuun yaaliin irratti gageeffama. Manneen barnootaa, barsiisonniifi barattoonni filatamaan kun bakka bu’oota

haala qabatamaa manneen barnootaa, barattootaafi barsiisota biyyatti keessa jiran hundaa ta’uu qabu. Bu’aa yaalii godhamee irratti hundaa’ee rakkinaaleen sirna barnootaa keessa jiran ni fooyya’u.

ii.         Hojiirra Oolmaa Guutuu

Yaalii duraa godhamee keessatti rakkinaalee mul’atan sirreessuudhaan meeshaaleen sirna barnootaa sun manneen barnootaa biyyattii keessa jiran hunda keessatti hojiirra oolu.

Text Box: Gocha 2.3: Hojii Garee
Qabatamtoota hojiirra oolmaa sirna barnootaarratti dhiibbaa geessisuu danda’u jedhamanii armaan olitti tarreeffaman haala qabatamaa naannoo keessanitti mul’atan waliin walbira qabdanii madaaluun irratti mari’achuun dareetti walii gabaasaa.

2.4.            Sirna Barnootaa Jijjiiruu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Sababoota sirni barnootaa tokko itti jijjiiramuu danda’u hubachuun jijjirra sirna barnootaa deemuuf malu keessatti qooda ni fudhatu.

Sirni barnootaa dhaabbataa miti. Sirni barnootaa tokko qophaa’ee erga hojiirra ooleen boodaa kallattii adda addaan madaalliin gaggeeffamee haalli itti jijjiiramu ykn foyyaa’u jira. Sirni barnootaa yeroo itti qophaa’eef qofa tajaajila malee umurii ilma namaa guutuu kan jiraatu miti. Kanaaf, addunyaan yeroo hunda jijjiirama keessa akka jirtu, sirni barnootaas jijjirama addunyaa faana deemuu akka qabu amananii fudhachuun jijjiirama taasisuun barbaachisaadha.

Sirni barnootaa naannoo tokko ykn biyya tokko akka barbaachisetti ni jijjirama. Jijjiiramni sirna barnootaa keessatti geggeeffamu sirna barnootaa haaraa akka jirutti ykn hanga tokko fudhachuufi itti fayyadamuudhaan barmaatilee jiran jijjiiruu dabalata. Kana jechuun, sirna barnootaa qophaa’e haala sadarkaa qophiitti wixineeffameen fudhachuudhaan gara hojii  qabatamaati fiduudha.Hojiirra oolmaa sirna barnootaa jechuun adeemsa jijjiirama sirna barnootaa gara hojiitti hiikuu jechuudha. Jijjiiramni muuxannoo ilma namaa keessa kan jirudha. Addunyaan ariitiin yeroo jijjiiramtu, jijjirama dhufe sana dhalootatti dabarsuuf, sirni barnootaa haala qabatamaa addunyaa faana jijjiiramuu qaba. Jijjiiramni sirna barnootaa kaayyoowwan barnootaa biyya tokkoo akka bakka barbaadame geessisuu dandeessisutti sirriitti itti yaadamee qindoominaan kan

gaggeeffamu ta’u qaba. Jijjiiramni sirna barnootaa akkassitti hojjetame jijjiirama karoorfamaa jedhama. Kanaaf, kaayyoo barnootaa jijjiirama addunyaa wajjiin deemu bakkaan ga’achuuf, sirna barnootaa hojiirra jiru tokko guutummaan guutuutti ykn hanga tokko fooyyessuu ykn jijjiruudha. Jijjiiramni sirna barnootaa gaggeefamu falaasama, dudhaalee, kaayyoowwan, qindoomina caasaalee, tarsiimoowwan baruu-barsiisuu, muuxannoo barannoo, tooftaalee iyyaafannoonfi kkf irratti ta’uu nidanda’a.

Text Box: Gocha 2.4: Hojii Garee

1.	Yeroo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffa barachaa turtan, sirni barnootaa (barnoonni barachaa turtan) jijjiiramee beekaa?
•	Yoo jijjiiramee ture yoo jettan, maaliif akka jijjiirame ni beektuu?
•	Yoo hinjijjiiramne jettanis maaliif akka hinjijjiiramiin ni beektuu?
2.	Kolleejjii keessatti barataa jirtan keessatti yeroo adda addaatti sirni barnootaa ykn barnootan ni jijjiirama. Haaluma kana bu’uura godhachuun jijjiiramni kun maaliif akka inni gaggeeffamu irratti odeeffannoo walitti qabachuun dareetti waliif dhiyeessaa.

2.4.1.  Gosoota Jijjiirama Sirna Barnootaa

  • GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:
    • Akaakuuwwan jijjiirama sirna barnootaa hubachuun jijjiirama sirna barnootaa keesstti dammaqinaan ni hirmaatu.

Hayyoonni adda addaa jijjiirama sirna barnootaa bakka garaa garaatti qoodu. Hayyuun barnootaa Waarren Bennis kan

jedhamu gosoota jijjiirama sirna barnootaa akka armaan gadiitti adda baasee jira. Isaanis jijjiirama karoorfamaa, jijjiirama dhiibbaan gaggeeffamufi jijjiirama waalta’iinsaa jedhamanii beekamu. Akkaakuun jijjiramoota kunneenii akka armaan gadiitti ibsamanii jiru.

i.                  Jijjiirama sirna barnootaa karoorfamaa

Jijjiiramni akkasii kun hirmaattoonni ykn dhimmamtoonni jijjiiramaa hundi irratti walii galuun kan gaggeeffamuu figaheefi hojii wal-qixa ta’e kan qabanidha. Namoon jijjiirama kana keessatti hirmaatan adeemsa ifa ta’e qopheeffatanii qindoominaan gahe isaanii kan itti bahanidha. Jijjiiramni karoorfame kanneen biroo lamaan armaan gaditti dhiyaatan caalaa filatamaadha.

ii.               Jijjiirama sirna barnootaa dhiibbaan gaggeeffamu

Jijjiiramni akkasii gareen murtaa’e tokko galmawwan qopheessuudhaan hirmaannaa kanneen biroo ta’e jedhanii kan dangessanidha. Gareen jijjiirama sirna barnootaa to’atu aangoo madaalawaa hintaane harkatti galfachuuf jecha aangoo olaanaafi hojiilee hunda kan ofii godhatu. Jijjiiramni kun humnaafi to’annaa qaama olaanaan waan raawwatamuuf raawwii irratti rakkisaa ta’ee milkaa’uu dhiisuu danda’a.

iii.            Jijjiirama sirna barnootaa wal-ta’iinsaa

Gosa jijjiirama kana keessatti galmi sirna barnootaa walta’insaan kan qophaa’u ta’ee dhimmitoonni aangoofi itti gaafatamummaa walqixa keessatti qooddatanidha. Haata’u malee qooda fudhattoonni sagantaalee qophiifi hojii irra oolmaa sirna barnootaa akkamiin duukaa bu’uu akka danda’an irratti walqixa hubannaa guutuu waan hinqabaanneef, hojichatti dhimmamuu irratti hanqina agarsiisuu ni danda’u.

Text Box: Gocha 2.5: Hojii Garee
1.	Garaagarummaafi walfakkeenya jijjiirama karoorfamaa, kan dhiibbaafi walta’iinsaa gidduu jiru irratti gareen mari’adhaa hubanna keessan barattoota daree keessaniif dhiyeessaa.
2.	Waajjira barnootaa aanaa ykn bulchiinsa magaalaa deemuun ogeessa sirna barnootaa irraa odeeffannoo walitti qabachuun jijjiiramni yeroo adda addaatti gaggeeffamu jijjiirama maal bu’uureffate ykn gosa kam akka ta’e iyyaafachuun odeeffannoo gurraatan dareef gabaasaa, akkasumas isa kam osoo tahee akka filattanis sababaan deggeruun dhiyeessaa.

2.4.2.  Rincica Jijjiirama Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Qabatamtoota hojiirra oolmaa jijjiirama sirna barnootaa gufachiisan ni ibsu.

Dhalli nama jijjiirama tokko akka dhufetti fudhatee keessumeessuf ni rincica. Haaluma kanaan, namoonni al tokko tokko jijjiirama ofitti fudhatanii hojiirra oolchuuf fedhii dhabuu danda’u. Ilaalchi akkasii rincica jijjiiramaa jedhamee beekama. Hayyoonni barnoota Ornsteinfi Hunkins jedhaman sababoota rincici jijjiirama sirna barnootaa haala armaan gadiin heeraniiru.

A.     Jijjiirama sirna barnootaa irraa Qoollifachuu

Namoonni waan hinbeeknetti seenuurraa haala duraan itti hojjechaa jiran akkuma jirutti itti fufsiisuu waan barbaadaniif jijjiirama irraa qoollifachuu danda’u. Jijjiiramni haaraa dhufu qulqullina barnootaa keessatti bu’aa inni buusutti amanuu baannaanis jijjiirama irraa qoollifachuu danda’u.

B.     Jijjiirama sirna barnootaa fuul-duraaf amansiisaa hintaane

Jijjiiramni yeroo mara fuul-dura amansiisaa hintaane fiduu danda’ama jedhamee amanama yoo ta’e ykn foyyaa’insi yoo itti mul’achuu baate namoonni osoo hinfudhatiin hafuu danda’u.

C.     Jijjiiramoonni sirna barnootaa ariitiin uumamuu

Biyya ykn mana barumsaa tokko keessatti jijjiiramni sirna barnootaa ariitiin dhufa ykn yeroo isaa eeggatee dhufuu baannaan booris kun hafee kan biraan dhufuu danda’a jedhanii amanuun rinciicni uumamuu danda’a.

D.     Jijjiirama sirna barnootaa irratti beekumsa gahaa dhabuu

Sababaa namoonni itti rincican keessaa inni tokko hubannoo gahaa dhabuudha. Namoonni waa’ee jijjiirama yaadamee guutummaatti beekumsa dhabuu danda’u ykn odeeffannoo gahaa argachuu dhabuu danda’u. Kanaaf qaamni jijjiiramaa barbaachisummaafi akkaataa jijjirama hojiirra itti oolchan irratti hubannoo gahaa kennuufii qaba.

E.     Jijjiiramni sirna barnootaa gargaarsa barbaachisaa ta’e dhabuu

Sababoota raawwachiistoonni jijjiirama irratti rincican keessa inni kan biroo deggersa beekumsaa, meeshaalee ykn maallaqaa dhabuu ta’uu danda’a. Rincicni yeroo tokko tokko gaarummaa ni qabaata sababiin isaas dhimmamtoonni waa’ee jijjiiramichaafi hojii irra oolmaa isaarratti akka yeroo argatanii irratti yaadan gargaara.

Text Box: Gocha 2.6: Hojii Garee
Barreeffama dubbistan kanafi haala qabatamaa naannoo keessanii bu’uura godhachuun rinciiccaa jijjiirama sirna barnootaaf qabatamtoota ka’umsa ta’uu danda’an tarreessuun irratti yaada waliif qoodaa.

2.4.3.         Tooftaalee Fudhatamummaa Jijjiiramaa Sirna Barnootaa Olkaasan

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Qabatamtoota hojiirra oolmaa sirna barnootaa saffisiisuu danda’an hubachuun hojii irra ni oolchu.
Text Box: Gocha 2.7: Hojii Garee
Sirni barnootaa haarawaa tokko dafee hojiirra akka ooluuf waantota raawwatamuu qabu jettan irratti mari’adhaatii yaada irratti walii galtan waliif qoodaa.

Sirna barnootaa haaraa qophaa’ee tokko hatattamaan hojii irra olchuuf qabattoonni tokko tokko murteessoodha.Tarkaanfileen armaan gadii fudhatamummaa sirna barnootaa saffisiisuuf tooftaalee barbaachisaan ta’uu isaanii hayyotni sirna barnootaa ni addeessu. Qabattootni kunis akka armaan gadiitii ibsamanii jiru.

A.     Sirna barnootaa hojii waloo gochuu

Qophiifi raawwiin sirna barnootaa gahee hojii qaama tokkoo jedhanii itti dhiisuun sirrii akka hintaane hayyootni hedduun irratti waliigalu. Jijjiiramni sirna barnootaa fudhatamummaa argate tokko gara gocha dhugaatti fiduuf dhimmamtootni hundi gahee mataa isaanii bahuutuu irraa eegama.Hirmaachisuun sababoota rinciiccii hubannoo dhabuu, gargaarsa dhabuufi amantaa dhabuu jedhamaniif fala ta’uu danda’a.

B.     Sirna barnootaa jijjiirame irratti namoonni jijjiirama hinfeene jiraachuu isaanii amanuu

Jijjiiramni tokko yeroo dhufu hojii irra oolmaa isaa irratti namoonni rincicuun beekamaadha. Rakkoon akkasii mudachuu waan danda’uuf, hoggantoonni sirna barnootaa kallattii ittiin dhimma kana keessuummeessan qopheessuu qabu. Kana keessatti hojii irra oolmaa sirna barnootaa keessatti gaaffilee gochaan walqabatanii ka’uu malan dursanii adda baasuun barbaachisaadha. Isaanis jijjiirama ilaalchisee namootatti maaltu

dhagaahamuu danda’a? Sodaa namoonnii qabaachuu danda’an maal fa’i?Yaada walitti bu’iinsaa maaltu mudachuu danda’a? Sababa jijjiiramaa kanaan namoota dhiibbaan irra ga’u sadarkaa dhiphinaa akkamitti xiqqeessuun danda’ama? kanneen jedhan dursa iyyaafachuun deebii qubsaa qopheessuun baarbaachisaadha.

C.     Jijjiiramni sirna barnootaa itti fufaa ta’uu isaa amanuu

Jijjiiramni sirna barnootaa dhaabbataa miti. Sirni barnootaa yeroo itti qophaa’eef qofa tajaajila malee umurii ilma namaa guutuu kan jiraatu miti. Kanaaf, addunyaan yeroo hunda jijjiirama keessa akka jirtu, sirni barnootaas jijjirama addunyaa faana deemuu akka qabu amananii fudhachuun barbaachisaadha.

D.     Jijjiramni sirna barnootaa yeroo wajjiin deemuu

Sirni barnootaa haaraa tokko fudhatamumaa kan argatu fedhii hawaasaa yeroo sanaa haala guutuu danda’uun yoo qophaa’edha. Kanaaf, jijjiiramni fedhii hawaasaa eeguun yeroo  isaa eegatee sirriti gara sirna barnootaati hiikamuu baanaan fudhatamummaa isaa gadi aanaa ta’uu danda’a.

Text Box: Gocha 2.8: Hojii Garee
Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa isinitti dhihoo deemuun qabatamtoota hojiirra oolmaa sirna barnootaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’anirratti hawaasa mana barumsaa waliin marii gaggeessuun argannoo keessan barreeffamaan gabaasaa. Barsiisa isinis barattoota gareen ijaaruun haala mijeessaafii.

2.5.   Madaallii Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Barbaachisummaa madaallii sirna barnootaa hubachuun madaallii sirna barnootaa keessatti ni hirmaatu.

Sirni barnootaa tokko qophaa’ee erga jiruu irra oolee booda yeroo yerootti haala inni irra jiru sakkata’amuu qaba. Madaalliin sadarkaalee sirna barnoota qopheessuu keessaa isa tokkodha.  Sirni barnootaa tokko kufaatiifi milkaa’inni isaa adeemsa qophii keessa, xumura qophiifi hojiirra olmaa keessatti sirriitti madaalamuu qaba. Madaalliin garaa garummaa karoorafi raawwii gidduu jiru kan itti adda baasanudha. Madaalliin kaayyooleen sirna barnootaa hojiitti hiikamuu isaanii addaan baasuufis ni gargaara. Karaa biraatiin ammoo ciminafi hanqina sirna barnootaa tokko adda baasuufis nitajaajila.

2.5.1. Kaayyolee Madaallii Sirna Barnootaa

Madaalliin sirna barnootaa kaayyolee hedduu of keessaa qaba. Kaaneen keessaa muraasni:-

  1. Sirna barnootaa fooyyeessuuf odeeffannoo kennuu.
  2. Qopheessitoota sirna barnootaaf kaayyoolee sirna barnootaa tarreessan ilaalchisee yaad- deebii kennuun akka yeroon sirreessan gochuu.
  3. Qaam-dhimitootni    (barattootni,    maatiin,d    haabbileen    qacarrii,    siistama barnootaa,fi yuunivarsiitiiwwan) odeeffannoo dabarsuun murtee barbachiisaa akka kennan isaan taasisa.
  4. Bu’aa argamee hubachuuf gargaara.
  5. Maal akka hojjetameefi fooyya’iinsi akkamii akka dhufe galmeessanii kaa’uuf.
  6. Baasiifi bu’aa xiinxaluun, milkaa’ina sagantaa tokkoo hubachuuf.
  7. Baasiifi bu’aa argamee adda baasanii kaa’uuf.
  8. Muuxannoowwan waljijjiiruuf.
  9. Haala tartiiba barbaachisummaafi galma jalqaba irratti kaa’ameetiin bu’a qabeessummaa sagantichaa murteessuuf ni fayaada.

2.5.2. Tartiiba Madaallii Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Madaallii sirna barnootaa keessatti duraa-duuba hordofamuu qabu ni fayyadamu.

Madaalliin sirna barnootaa tartiiba ittiin gaggeeffamu eegee rawwatamuu qaba. Tartiibni madaalliin sirna barnootaa hordofuu qabu kan armaan gadiiti:

i.              Kaayyoolee madaalli sirna barbnootaa addaan baasuu:

Sadarkaan jalqabaa sirni barnootaa maaliif akka madaalamu murteessuudha.

ii.      Sirna barnootaa madaaluuf haalleen qabatamaa jiran addabaasuu

Sadarkaan kun haala qabatamaa akkamii keessatti kaayyoon barnootaa galma akka gahuu danda’umurteessuudha.

iii.    Meeshaalee madaallii qopheessuu

Meeshaaleen madaalliin kanneen akka gaaffii barreeffamaa, jiraafi hin- jirree, gaaffii qomaa, daaw’annaafi kkf odeeffannoo funaanuuf nu gargaaraan adda baafachuu ilaallata.

2.5.3. Gosoota Madaallii Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Garaagarummaa akaakuwwan madaallii sirna barnootaa gidduu jiru adda baasuun yeroo madaalliin sirna barnootaa geggeeffamu damaqinaan qooda keessatti fudhatu.

Akaakuwwan madaallii sirna barnootaa kanneen armaan gadiiti.

i.     Madaallii Adeemsa Keessaa

Madaalliin adeemssa keessa yeroo yeroon walitti fufaan odeeffannoo funaanuudha. Madaalliin adeemsa keessaa hojiirra oolmaan sirna barnootaa qophii sirna barnootaa faana deemuu isaa sakatta’uun odeeffannoo kan kennudha. Itti aansee haalli qabatamaa jiru mijaa’uufi mijaa’uu dhiisuu isaa sakatta’uun odeeffannoo ni kenna. Meeshaaleen qophaa’anis hojiirra oolmaaf mijaa’aa ta’uu isaanii odeeffannoo kenna. Kaayyoon madaallii adeemsa keessaas rakkinaalee adeemsa keessatti mul’atan addaan baafachuun yeroodhaan sirreessuuf gargaara.

ii.   Madaallii Walittiqabaa

Bu’aa madaallii sirna barnootaa walittiqabaa isaatti kan agarsiisuudha. Bu’aan madaallii walittiqabaa xumura irratti kan bira ga’amuufi murtii kennuuf kan gargaarudha. Madaalliin walitti qabaa odeeffannoo madaallii adeemsa irraa argatetti fayyadamuun murtee tokko kennuuf kan gargaarudha.

Text Box: Gocha 2.9: Hojii Garee
Waajjira barnootaa aanaa ykn godinaa deemuun garee sirna barnootaa mariisisuun adeemsi madaalliifi jijjiirraan sirna barnootaa haala akkamiin akka raawwatamuodeeffannoo argattan qindeessun barattoota daree keessaniif dhiyeessaa.

2.5.4. Ulaagaalee Madaallii Sirna Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Ulaagaalee madaallii sirna barnootaa bu’uura godhachuun siilabausiifi kitaaba barataani madaalu.

Madaalliin sirna barnootaa dhimmoota barnootaa hedduu irratti gaggeeffamuu danda’a. Madaalliiwwan barsiisaan gageeffaman keessaa inni tokko kitaabaafi silabasii madaaluudha. Barbaachisummaan kitaabaafi silabasii madaaluus haqinaafi cimina isaanii addaan baasuun qopheesitoota sirna barnootaaf dabarsuun akka fooyya’ee dhiyaatuuf ni gargaara. Barsiisonni yeroo kitaaba ittiin barsiisaan madaalan guca waajjira barnootaatiin qophaa’ee fayyadamu. Gucni armaan gadii kitaaba madaaluuf kanneen gargaaran keessaa isa tokkodha. Kaadhimamtoota barsiisotaa, yeroo Piraaktikamiif bobbaatan guca kana fayyadamtanii waan kitaaba barnootaa madaaluu dandeessaniif guca kana sirriitti hubachuun barbaachisaadha.

Gabatee 2.1. Ulaagaalee Ijoo Madaallii Kitaabaa

Waantota madaalaman  UlaagaaleeIbsa
          QabiyyeeBarbaachisummaaBu’aa qabiyyeen sun gosa barnootaa sana keessatti qabu.
DhugummaaKaayyoo waliin sirriitti deemuu
Bu’aa hawaasummaaYeroo waliin kan deemuu ta’uu Jireenya hawaasummaa barataa dagaagsuu.
IttifayyadamaBu’aa qabiyyichi jireenya barattootaa fuula duraa keessatti qabu
Baratamuu daanda’uuUmuriifi dandeettii barattootaa kan gituufi ifaa ta’uu
FedhiiFedhii barattoota wajjiin kan deemu
    GochaaleeDhugummaaKaayyoo dhugoomsuu kan danda’u
Mijaa’inaUmuriifi dandeetti barataa kan gitu
LeecallooQabeenyi ittiin dalagan jiraachuu
AddaaddummaGosoota adda addaa ta’uu
BaldhinaKaayyoolee hunda bakkaan gahuuf bal’ina qabaachuu
  Qindoomina qabiyyeewwaniifi muuxannoowwan barannooItti- fufiinsaIrra deddeebii qabiyyeewan sadarkaalee barnootaa adda addaa keessatti
Dura –duubeeSalpha gara wal-xaxaa, dhiyoo irraa gara fagoo, kan beekame irraa gara hinbeekamneettifi k.k.f. deemuu
Hariiroo dagaleeWalsimannaa qabiyyeewwanii gosoota barnootaa addaa ddaa sadarkaa ykn kutaa tokko keessatti
      ShaakalawwanDhugammaakaayyoon wal-simuu
Mijaa’ummaaUmuriifi muuxannoo barataan wal gituu
Duraa- duubeeSalphaa   garaa garafagoofi k.k.fcimaa,   dhiphaagarabal’dhaa,   dhiyoo
Bal’dhinaMurnoota hunda keessummeessuu
HirmaachisummaaHirmaachisummaa gareefi dhuufna
 Ibsitoota:DhugummaaKaayyoo barannoo bakkaan gahuuf kan gargaaruu
 Fakkii,SalphinaSalphaafi irraa hubachuu kan dandaa’amu
 Chaartii, Miira barattootaa harkisuu
giraafii,Hawwataa 
kaartaa  
Text Box: Gocha 2.10:Hojii dhuunfaa
Kitaaba ykn silabasii kutaa 1-4 keessaa gosa barnoota keessanii keessaa kan kutaa tokkoo filachuun madaalaatii argannoo keessan barreeffamaan barsiisaa keessanitti gabaasaa.

2.6.   Seenaa Dagaagina Barnoota Itoophiyaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Seenaa dagaagina barnoota Itiyoophiyaa qalbeeffachuun sonaawwan seenaa keessaa argatan jiruu baruu-barsiisuu isaanii keessatti ni fayyadamu.

Hawaasni tokko jiraannaan yeroo hunda barnoonni ni jira. Kan jechuun osoo barnoonni amma baratamaa jiru kun hindhufiin duras hawaasni wal-barsiisaafi wal-irraa barataa ture jechuudha. Seenaan barnootaa addunyaa barnoota aadawaa (jiruufi jireenya irraa kan baratamuu)fi sirna barnoota ammayyaa (gara caalaa mana barnootatti kana baratamu) jedhamuun qoodama.

2.6.1. Barnoota Aadawaa

Barnoonni aadawaa haawaasni tokko adeemsa jiruufi jirreenya isaa keessaa waan hubate, daawwate, shaakalee gaariifi badii isaa adda baasee irraa aadaa dhalootaa dhalootatti dabarsuufi uummanni dubbiisuufi barreessuu akka danda’u gahee mata isaanii taphataniiru. Biyya keenya keessatti barnoonni aadawaan seenaa waggoota dheeraa dabarsee jira. Barnoonni aadawaa

barnoota dhalootaan daddarbuufi barnoota karaa amantii daddarbu jedhamee bakka lamatti qoodama.

I.        Barnoota Dhalootaan Daddarbu

Gosti barnootaa kun, sabaafi sablammoota Itiyoophiyaa adda addaa keessatti seenaafi duudhalee isaanni dhaloota dhalootatti dabarsuuf kan itti fayyadamanidha. Kaayyoon barnoota kanaa ol guddattoota ilaalcha, dandeettiifi duudhalee hawaasa keessa ittiin jiraataan gonfachiisuudha. Ol guddattoonni daa’imummaa kaasee hanga manguddummaatti gahee isaan irraa eegamu akka bahatan isaan kan gargaaruudha. Haaluma kanaan akaakuwwan barnoota aad-barsiiffaa jiran keessaa kan Sirna Gadaa Oromoo akka armaan gadiitti dhihatee jira.

A. Sirna Gadaa Oromoo

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Gahee sirni Gadaa Oromoo beekumsa, muuxannoo, aadaafi duudhaalee uummata Oromoo dhalootaa dhalootatti daddabarsuu keessatti gumaachaa tureefi gumaachaa jiru keesaa sonnawwaniifi duudhalee sirna Gadaani amaleeffatu.
Text Box: Gocha 2.11: Hojii Garee
Osoo barnoonni ammayyaa hindhufiniin dura,sabni Oromoo jarraa hedduuf jireenya isaa akka gaariitti geggeeffatee yoona ga’ee jira. Ammas bakka barnoonni ammayya hingeenyetti jireenyi isaa itti fufee jira.
1.	Mee akkaataa ykn sirna Oromoon beekumsa, ogummaafi ilaacha isaa dhaloota gara dhaloottaatti dabarsuu danda’e irratti mari’achuun daree keessan keessattii waliif dhiiyeessaa.
2.	Barnoota aad-barsiiffaa uummata Oromoofi sirna barnootaa amma baratamaa jiru wal- bira qabuun mari’adhaattii waan irra geessan daree keessattii babalisaatti gudunfaa.

Sirni Gadaa Oromoo sirna aangoo siyaasaa, loltummaa, abbaa seerummaa, seera tumuufi amantii garee tokkoo irraa gara garee biraatti waggaa saddeet saddeetiin karaa bilisaafi dimokiraatawaa ta’een daddarbudha. Sirna kana keessatti abbaan aangoo olaanaa qabu Abbaa Gadaa ykn Abbaa Bokkuu jedhamee waamama. Sirni Gadaa saba Oromoof eenyummaa isaati. Kunis kan jedhamuuf

waa’ee sirna Gadaa kana osoo hinbeekiin waa’ee siyaasaa, seenaa, aadaafi dinagdee saba Oromoo hubachuun waan hindanda’amneefidha.

Adeemsa Sirna Gadaa keessatti daa’imni tokko dhalatee amma abbaa Bokkuu ta’utti sadarkaa umurii isaatti caasaalee barnootaafi shaakkallii keessa darbuu qaba. Fakkeenyaaf, sirna Gadaa Oromoo kan Booranaa keessatti daa’imni tokko dhalatee hanga Abbaa Bokkuutti caasaalee barnootaafi shaakkalli beekamoo jaha keessa darbuu qaba. Kunis, adeemsa hawaasni daa’imman ofii jireenya fuula duraaf sadarkaa adda addaatti barsiiseefi shaakalsiisee ittiin qopheessu kan agarsiisudha.Oromoon akkuma sirna bulchiinsa isaa sirna Gadaa qabu sirnuma Gadaa sana keessaatti sirna barnootaa (education system) diriifate qaba. Sirni barnootaa Oromoo umurii irraatti hundaa’aa.Akka Gadaa Booranaatti, sadarkaaleen sirna barnootaa Oromoo marsaa waggaa saddeet saddeetiin marsaa shaniitti qoodama.

Sirna Gadaa keessatti marsaan barnootaa shanan Oromoon tokko keessa darbuu qabu akka armaan gadiittii ibsamanii jiru.

1.         Dabballee (Dhalootaa hanga waggaa 8)

Marsaa tokkoffaan kundhaloota irraa hanga waggaa saddeettiiti. Sirna Gadaa Oromoo Booranaa keessatti caasaa inni jalqabaa Dabballee jedhamee waamama. Isaan kunijoollee abbootiin isaanii caasaa sirna Gadaa jahaffaarra jiranidha. Ijoolleen caasaa

kana keessa jiran kan ittiin beekaman rifeensa mata isaanii guduruu jedhamuunidha. Sadarkaa kanatti malli maatiin ijoollee isaanii ittiin barsiisan gorsuu, onnachiisuufi kunuunsa adda addaa kennuudhaan. Kana malees ijoolleen sadarkaa kana irra jiran mirga kunuunfamuu guddaa qabu. Kun kan agarsiisuu Orommon aadaa isaa keessatti ijoolleen Abbaa Gadaa boorii waan ta’aniif daa’imummaa irraa eegalee ijoolleessa barsiifata jechuudha.

2.   Gaammee Xiqqaa (waggaa 9-16)

Marsaa lammaffaan kunwaggaa torba hanga waggaa kudha ja’atti yoo ta’u Gaammee Xiqqaa

jedhamee waamama. Ijoolleen sadarkaa kanarra jiran akkaataan isaan itti rifeensa isaanii  muratan

kan dabballeerra adda. Yeroo kanatti ijoolleen rifeensa mataa gaammee xiqqaa guddifachuudhaan beekamu. Jireenyiifi qabeenyi Oromoo gar caalaa beelladoota horsiisuu irratti hirkata ture. Kanaaf Oromoon ijoollee isaa daa’immuammaadha eegalee akkaataa itti horiif kunuunsa gochaan qabatamaatti barsiisa. Sadarkaa kanatti waanti guddaan ijoollee waggaa 9-16 irraa eegamu jabbootaafi fardoota warra isaanii naannoo qe’ee isaaniitti tiksuudha. Ijoolleen kunneen umuriin isaanii xiqqaa waan ta’eef mana irraa baay’ee osoo hinfagaatiin jabilee tikisuutiin eegalu. Booda ammoo yeroo jajjabbachaa dhufan mana irraa fagaatanii hojii ciccimoo hojjechuuf qophaa’uu jechuudha. Kunis kan agarsiisu barsiisni Sirna Gadaa Oromoo salphaa irraa gara wal-xaxaatti deema jecuudha.

Ijoolleen kun yeroo isaanii baay’ee kan dabarsan bakka loon tiksanitti walgargaaruun, faaruu jaalalaafi lolaa faarfachuunidha. Barnoonni adeemsa kana keessatti argamu qabatamaan akaakuu beeladaa hunda adda baasu, beeladoota kunuunsuu, faayidaa tokkoo tokkoo beelada irraa argamuu danda’u hunda ni hubatu jechuudha.

Barnoonni kun isa amma Saayiinsii Naannoo kutaa1-4 keessatti beeladoota jechuun mana barnootaatti barsiifamu sana ijoolleen Oromoo qabatamaatii daawwiidhaan naannoo isaanitti baratu jechuudha. Umurii kana keessattii akkasumas umurii hundaa keessatti Oromoon ijoollee isaa hawaasummaafi herrega mana keessatti mala ittiin barsiisuu (fkn akka hibboo) ni qaba.

3.                  Gaammee Gurguddoo (waggaa 17-24)

Marsaa sadaffaan kun Gaammee Gurguddoo jedhamee beekama. Ijoolleen sadarkaa kanarra jiran akkaataan gaammee isaanii itti gaammeffatan kan gaammee xiqqaa irraa addadha. Kanamalees, sadarkaa kanatti ijoolleen kun namoota gurguddoo waliin ooluufi adamoo adamsuurratti hirmaachuutu irraa eegama. Egaa sadarkaa kanatti barnoonniifi shaakaliin jabaachaa dhufa jechuudha. Fakkeenyaaf, akka ofitti amanummaan isaanii daraan jabaatuuf, mana irraa fagaatanii hojii hojjetu. Haaluma kanaan, warris ijoolleen isaanii itti gaaftamummaa kana fudhachuu akka danda’an gochuuf barnoota kana waliin deemu barsiisuun. Kunis gosa bineensaa barsiisuu, akkaataa itti meeshaalee adamoo qabataniifi itti fayyadaman irratti dirreetti baasuun leenjisu. Sadarkaa kanatti ammoo ijoolleen waan mana irraa fagaatanii adamoo deemaniif bineensotaafi biqiloota bosona keessa jiran qabatammatti daawwiin baratu. Barnoonni kun isa barnoota, Saayinsii Naannoo kutaa 1-4 keesatti bineensota bosonaa jechuun mana barnootaatti barsiifamu sana ijoolleen Oromoo Sirna Gadaa keessatti qabatamaatii dawwiidhaan naannoo isaaniitti baratu jechuudha.

4.                  Kuusaa(waggaa25-32)

Marsaa afraffaan kun ammoo waggaa 25–32 ta’ee Kuusaa jedhamee waamama. Ijoolleen marsaa kana keessatti umuriidhaan waan guddataa dhufaniif, waa’ee hawaasummaa caalaatti baratu. Kanaaf sadarkaa kana sadarkaalee biroo irraa kanadda taasisu ijoolleen akkaataa itti gareedhaan murtii kennuu danda’an caalaatti shaakalu. Itti dabaluunis murtii kennuuf miseensonni hundi argamuu akka qabanis ni baratu. Kun amma waa’ee dimookiraasiifi haqa ilma namaa eeguu baratu jechuudha. Sadarkaa kanatti tooftaa lolaa illee ni baratu.

5.         Raabaa (waggaa 33 – 40)

Marsaa shanaffaan kun waggaa 33 – 40 ta’ee marsaa Raabaa jedhamee beekama. Sadarkaan kun sadarkaa itti dhalootni guddatanii haadha warraa itti godhatanidha. Oromoo Sirna Gadaatiin bulu lolli yoo mudate kanneen marsaa kana keessa jiran nagaa hawaasaa eeguuf waraana kessatti ni hirmaatu.Yoo lolli hawaasa mudate lola irratti kanhirmaatan miseensota sadarkaa jahaffaallee ta’u ni danda’a.

6.   Gadaa (waggaa 41-48)

Marsaa jahaffaankun immoo waggaa 41- 48 ta’ee marsaa Gadaa jedhama. Sirna Gadaa keessatti dhalootaa kaasee hanga waagaa 40 ijoolleen Oromoo beekumsa, ogummaafi ilaalcha isaanii karaa adda addaatiin gabbifatu. Egaa waggaa 40 booda Orommoon tokko hawaasa isaa hoogganuu ni danda’a jedhamee amanama. Sadarkaa kanatti seenuun baallii ykn bokkuu fuudhuchuu ni danda’ama jechuudha. Baalliin kan agarsiisu angoo siyaasaati. Sadarkaan kun muuxanoo sadarkaalee duraa keessatti gabbifatan irratti hundaa’uudhaan sadarkaa biyyaa itti bulchaanidha. Namni tokko kan inni itti Abbaa Gadaa ta’u sadarkaa kanattidha. Sabni Oromoo caasaalee sirna Gadaa keessattis ta’ee haalawwan biroo keessatti malleen baruu-barsiisuu kanneen akka qabatamaan shaakaluu, mammaaksa, hiibboo, afwalaloofi oduu duriitti gargaaramuun ijoolleesaa barsiisaa tureera, ammas barsiisaa jira. Abbootiin Gadaa, maanguddootni biroo, hangafootniifi jaarsoliin akka barsiisaatti tajaajilaa turaniiru; tajaajilaas jiru.

I.      Barnoota Manneen Amantaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Gahee dhaabbileen amantaa dagaagina barnootaa Itiyoophiyaa keessatti qaban ni himu.

Barumsi mana amantaa Itoophiyaa barumsa mana amantaa Ortodoksiifi barumsa mana Amantaa Musliimaa jedhamee bakka lamatti qoodama.

I.           Barumsa Mana Amantaa Kiriistaana Ortodoksii

Barumsi mana amantaa Ortodoksii caasaalee afur of -keessatti hammata:

  1. Nibab bet: Nibab bet jeechuun mana Dubbisaa jeechuudha. Sadarkaan kun sadarkaalee xixiqqaa afur ofkeessatti qabata:
    1. Fidel Bet: Sadarkaa kanatti, barattoonni qubeewwan Afaan Amaaraa kan ittiin adda baasanidha.
    1. Apostle (Abugida): Ergaa qulqulluu Yahannis dubbisuun qomatti kan itti qabataniifi barreessuu kan itti eegalanidha.
  • Hojii ergamootaa (Acts of the Apostle): sadarkaa kanatti barattoonni sagalee olkaasuun hojiiwwan ergamootaa akka dubbisan irraa eegama. Kana keessatti gaheen barsiisaa yaadawwan ifa hintaane ibsuudha.
    • Daawit Bet: Gochaalee eergamootaafi kitaaba daawit sammuutti kan qabataanidha. Sadarkaa kanatti barattoonni sirriitti dubbisuufi xalayaa mana amantichaaf kan itti barreessanidha.
    • Zema bet: Sadarkaan kun mana faarfannaa jedhama. Sadarkaa kanattii weddisamafi faaruu adda addaa bakka itti baratanidha. Tooftaa uleetti faayyadamuun asiifi achi socho’aa itti faarfatan ni baratu. Faaruun mana kana keessatti baratamu irra jireessaan faaruu Farfataan Yareed naannoo jaarraa 8ffaati barreessedha jedhama.
    • Qine bet. Sadarkaan kun sadarkaa Afaan Gi’zii baratanii kitaabilee adda addaa durii dubbisuun hubachuu itti dandaa’anidha.

Afaan Gi’zii gara Afaan Amaaraatti hiikuuniifi seer lugni Afaan Gi’zii kan barataman sadarkaa kannattidha. Kine bet keessatti walaloo qulqulloota adda addaa faarsan Afaan Gi’iziin barreessuun ykn qomaan uumuun barattootaaf dhiyeessuun walirraa barachuun nijira. Walaloon bareeffamus bifa soorgoofi sokkoo qabuun qoopha’a.

  • Mana kitaabilee: Manni kitaabaa sadarkaa ol’aanaa barumsa mana amantaa Ortodoksiitti. Luboonni sadarkaa kanatti barataan gosoota kitaabaa afur keessaa tokko ykn arfaan keessa murasa ykn arfanu sadarkaa sadarkaan barachuu danda’u. Kitaabileen kunniin kakuu moofaa, kakuu haaraa, Dogmaafi falaasamaa,fi sirna urjiilee jedhamu. Lubni kitaabilee afur baratee xumure Arat Ayna (abba ija afurii) jedhamee beekama.

II.       Barumsa Quraana Musiliimaa

Barumsi mana Musiliimaa akkuma kan Ortodoksii casaalee afur of keessatti hammata.Isaanis:

  1. Mejaliis: Sadarkaan kun qubeewwan Afaan Arabaa kan itti baratan, quraana qomaan dubbisuufi sirna kadhaa yeroo sagaadaa gaggeeffamu sammuuti qabachuun ni jira.
  2. Fiqii. Sadarkaan lammaffaa kun sadarkaa Heerri Islaamummaa itti baratamudha.Heerri Islaamummaa Shari’aa jedhamee beekama. Heerri Shari’aa heera dhimmoota amantii qofa of keessatti hammate osoo hintaane, haala hawaasni musiliimaa itti jiraatu, muudama sheekootaafi imaamotaa, sirna bulchiinsa maatii of-keessaa kan qabudha.
  • Nahawiyaa. Sadarkaan kun sadarkaa seer-luga afaan Arabaa itti baratanidha. Sadarkaa kanatti hiika jechoota Afaan Arabaa, seer-luga Afaan Arabaa, himoota Afaan Arabaan ijaaruufi haala Afaan Arabaatiin dhimma bahan ni baratu.
  • Tasfir: Sadarkaan kun sadarkaa ol’aanaa barumsa Quraanaati. Sadarkaa kanatti quraana gara afaan mataa ofiiti hiikuutu jira. Beektoonni mana amantaa musiliimaa ykn sheekoonni sadarkaa kana keessa kan darbnidha.

Manneen amantaa namoota naamusa qaban hawaasaafi biyyaaf argamsiisaniiru. Yeroo barumsi ammayyaa hinturiinitti manni amantaa Ortodoksii namoota dandeettii Afaan Amaaraan barreessuufi dubbisuu danda’anii hojii mootummaafi mana amantaa keessa tajaajilaa turan horateetti. Karaa biraammoo manneen amantii falaasama saayinsiifi qorannoo ammayyaa amala ciiccachuu waan qabuuf babal’ina barumsa ammayyaatiif danqaa ta’anii turan. Amanticha keessattis yeroo soomaafi laguu dheeraan waan jiruuf misooma irratti danqaa ta’anii turan.

2.6.2 Barnoota Ammayyaa Itiyoophiyaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Barumsa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti gahee/dhiibbaa biyyoota alaa ni xiinxaluu.

Sababoota barumsi ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti akka eegaluuf ka’umsa ta’an ni ibsu. Xiyyeeffannoowwan wayitiiwwan adda addaa adda ni baasuu.

Seenaan barumsa ammayyaa naannoo bara 1908 banamuu mana barumsaa Miniliik IIn eegalee. Seenaa barnoota ammayyaa biyyoota alaa wajjiin walbira qabnee yemmuu ilaalluu, barumsi ammayyaa Itoophiyaa keessatti umurii gabaabaa qaba. Jalqabamuu barumsa ammayyaaf sababoonni adda addaa ni eeramu. Isaan keessaa warri gurguddoon kanneen armaan gadiiti.

  1. Wayitiin dhuma jaarraa 19ffaa fi jalqaba jaarraa 20ffaa yeroo mootummaan giddu- galeessaa Itoophiyaa keessatti ijaaramedha. Mootummaan giddu-galeessaa yemmuu ijaaramu, dhaabbileen bulchiinsaa babal’achaa dhufan. Biyyaa/Impaayeera bal’aa uumamte kana bulchuuf namootni barumsa ammayyaa qaban barbaachisoo ta’an.
  • Ijaaramuu Daandii Baaburaa Ijabuutii-Finfinnee: Ijaarsi daandii baaburaa kun Itoophiyaan biyyoota alaa wajjiin akka walqunnamtu taasiiseera. Kunis akka daldalli biyyoota alaa wajjiin godhamu babal’atu godheera. Hojii kana gaggeessuuf immoo namoota beekumsa Afaan biyyoota alaa qaban qabaachuun barbaachisaa ta’e.
  • Seensa (jalqabamuu) tajaajila qunnamtii uummataa ammayyaa (fkn bilbila, poostaafi kkf). Tajaajila kana kennuuf namoonni barumsa ammayyaa qaban barbaachisoo ta’an.
  • Injifannoo Aduwaa: Itoophiyaan erga Aduwaatti injifannoo xaaliyaanii irratti argate booda addunyaa irratti ilaalcha addaa argachuu dadeesseetti. Biyyoonni baay’een injifannoo sana booda qunnamtii dipilomaasii Itoophiyaa wajjiin akka uuman seenaan ni addeessa. Haala walitti dhufeenya biyyoota alaa wajjiin gootu kana keessatti namoota afaan biyyoota alaa beekan qabaachuun ishee barbaachise.
  • Misiyoonota: eegaluu barumsa ammayyaa keessatti ergamoonni biyya alaa (misiyoonnoon) bakka ol aanaa qabu. Walakkeessa jaarraa 19ffaati kaasee misiyoonnoon manneen barnootaafi dhaabbilee fayyaa baay’ee Itoophiyaa keessatti ijaaran. Manneen barnootaa misiyoonotaa kun barnoota amantiifi barnoota saayinsii ammayyaa wal bira qabanii barsiisu turan. Namoota Itoophiyaa biyya alaatti erganii barsiisuun akka isaanii deebi’anii biyya isaanii tajaajilan godhaa turan. Faayidaaleen namoonni misiyoonotaan baratan biyyattiif kennaa turan kunbarumsi ammayyaa mootummaa akka jalqabamu kakaaseera.

Walumaagalatti qabxiileen armaan olitti tuqamaan barumsi ammayyaa Itoophiyaa keessatti akka jalqabamuuf sababoota haa jedhaman malee, sababni inni guddaan fedhii siyaasaa akka ture beektonni adda addaa cimsanii dubatu.

Seenaan akka dubbatutti Minilik Afaan Xaaliyaanii wallaaluu isaatiin kan ka’e waliigaltee Waacaalee Xaaliyaanii wajjiin godhe irratti gowwoomsanii turan. Kanaaf, afaan warra koloneeffatootaa (colonialists) yeroo sanaa beekuun barbaachisaa ta’uusaatti amane. Dhumni jaarraa 19ffaafi jalqabni jaarraa 20ffaa kun yeroo Itoophiyaan akka Impaayeeratti ijaaramteefi barumsi ammayyaa Itoophiyaa keessatti jalqabee qofa osoo hintaane yeroo biyyoonni Awurooppaa gurguddoon biyyoota Afrikaa akka qircaatti hiratanii kolonii isaanii godhatanidha.

Miniliki yeroo kana gara Oromiyaafi Uummata Kibbaa Itoophiyaa har’aa kanatti weeraruun to’annaa isa jala galchate.

Biyyoonni Awurooppaa yeroo sana biyyoota Baha Afrikaa Kolonii jala galchataan immoo Biriiteen, Faransaayiifi Xaaliyaanii turan. Biyyoonni Awurooppaa kun sadan Itoophiyaa irratti fedhii addaa qabu turan. Innis humna walii wal jalaa dadhabsiisuun naannoo kana to’achuu barbaadu. Kanaaf, morkatoota isaanii akka inni lolee dadhabsisuuf jecha tokkoon tokkoo isaanii harka lafa jalaatiin Minilikiif meeshaalee waraanaa Ammayyaa kennaafii turan. Minilik immoo biyyoota gurguddoo kana wajjiin wal loluun miidhaa inni isa irratti fidu waan hubateef meeshaa argatetti fayyadamuun gara Oromiyaafi uummatoota kibbaatti weeraruun of jala galchee Impaayeera Itoophiyaa uumuu danda’eera. Kanaaf, biyyoota Awurooppaa kana wajjiin waliigalee meeshaa argahcuufis ta’e daangaa biyyoota hollaa kolonii biyyoota Awurooppaa turanii(fkn, Keeniyaa/keenyaa, Ijabuutii, Sumaaliyaafi Sudaan)fi lafa Minilik Impaayeera isa jala galchee gidduu jiru daangeessuuf Afaan biyyoota koloneeffatoota sana beekuun dirqama itti ta’e.

Fedhiidhuma kana irra kan ka’e fakkaata kan gosti barnootaa mana barumsaa mootummaa ammayyaa isa jalqabaa jechuunis mana barumsaa Minilik II keessatti kennaman/barsiifaman afaan biyyoota alaa: Afaan Ingiliizii, Afaan Faransaayii, Afaan Xaaliyaaniifi Afaan Arabaa akka ta’an kan godhame. Namoonni baay’een akka jedhaniitti osoo dhugaadhumaa barumsi ammayyaa guddina biyyaatiif yaadameeti jalqabamee ta’eetii maaliif gosa barnootaa saayinsii uumamaa, saayinsii hawaasaafi herrega hintaanee jedhanii falmu. Kanaaf, sababni barumsi ammayyaa akka Itoophiyaa keessatti akka jaqabamu godhee inni guddaan fedhii siyaasaati jedhamee amanama.

Bara jalqabamuu isaatii kaasee barumsi ammayyaa Itiyoophiyaa dhiibbaa barnoota biyyoota alaa adda addaa jala darbeera, ni jiras. Dhiibbaan isaaniis afaan isaanii, aadaafi dudhaa isaanii akka baratmu kan godhee fiaadaa, seenaafi haalli qabatamaa Itoophiyaa keessa jiru xiyyeeffannoo akka hinarganne kan godhedha. Mee dhiibbaawwan turan tokko tokkoon haa ilaallu.

I.              Wayitii Faransaay (1908-1935)

Injifannoo aduwaan booda barumsa ammayyaan Itiyoophiyaa gargaaruu yaada jedhuun biyyaa keenya kan seente Faransaay turte. Gargaarsa Faransaay gooteen manni barumsaa jalqabaa (Miniliik II) 1908 Finfinnee keessatti baname. Wayitii Faransaay Afaan baruu-barsiisuu Afaan

Faransaay ennaa ture Afaan Arabaa, Afaan Ingiliizii, Afaan Xaaliyaanii dabalataan baratamaa turan.

Sirni barnootaa gargalcha sirna barnootaa Faransaay ture. Kayyoon barumsaa wayitii Faransaay hiiktota afaanii (turjumana)fi barreessitoota wajjiraalee mootummaa horachuu ture. Kun kan ta’eefis sababa hanqinni hiiktota Afaaniifi barreessitoota mootiin Miniliik qabaniin wal-qabata jedhamee amanama.Yeroo Faransaay barattoonni hedduu gara biyya Faransaay ergamanii barumsa sadarkaa ol’aanaa akka barachaa turan seenaan ni addeessa.

II.     Wayitii Xaaliyaanii (1936-1941)

Wayitiin xaaliyaanii Itiyoophiyaaf yeroo dukkanaati jedhamuu danda’a. Yeroo kana manneen barnoota gargaarsa wayitii Faransaayii ijaaraman ni cufamanii, bakka kuufama meeshaalee waraanaafi loltota Xaaliyaanii ta’an. Wayitii xaaliyaanii beektonniifi abbootiin amantaa %75 ta’an uummata bilisummaaf ni kakaastu jedhamanii hedduun isaanii ennaa ajjeefaman muraasni isaanii akka nama hinbaranetti biyya keessa ni dhokatan ykn gara biyya alaati ni godaanan.

Kaayyoon Xaaliyaanii Itoophiyaa garboomsuu gatii tureef barattoonni barnoota sadarkaa tokkoffaa hanga kutaa afraffaa qofaatti akka baratan eeyyamamaaf. Barumsi tures Afaan Xaaliyaanii, qonnaafi hojii harkaa qofa irratti ture. Qabtamaan Afaan sabootaa kamiin akka barsiisaa turte beekamuu baatullee mana sagadaa kaatooliikii keessatti Afaan sabaafi sablamootaan barumsi kennamaa akka ture barreeffamoonni tokko tokko ni ibsu.

III.     Wayitii Ingiliizii (1941-1952)

Gargaarsa biyya Ingiliziitiin xaaliyaaniin biyya keenya eega baate booda sirni barnootaa Itiyoophiyaa gara Ingiliziitti fuula naanneeffate. Barumsi Afaan xaaliyaaniin ta’uun isaa hafee kan abbaa yeroo Ingiliizii ta’e. Kaayyoon barumsaa wayitii Ingiliizii ogeessootaafi namoota teeknikaa horachuu ture.

Yeroo kana dhaabbilee leenjii barsiisoota, dhaabbilee qonnaafi teeknikaa kan ijaaramanii ogeessoota adda addaa horachuu kan eegalan dhaabbileen yeroo sana banaman kanneen akka Kolleejjii Qonnaa Jimmaa, Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Minilik II, Dhaabbata Leenjii Teeknikaa Wiingeet akka fakkeenyaati kaa’uu ni dandaa’ama.

IV.        Wayitii Ameerikaa (1952-1974)

Waraana Addunyaa Lammaffaan booda fudhatamummaa ol’aanaa biyyi Ameerikaa argatteen Itiyoophiyaan fuula ishee gara Ameerikaati gargalfatte. Yeroo kana barumsa biyya keenyaa kan hoogganuu eegalte Ameerikaa taate. Wayitii kana fedhii mootummaa Hayilesillaasee bu’uureeffachuun Afaan baruu-barsiisuu gara Afaan Amaaraati jijjiirame. Yeroo kana dha jijjiiramni guddaan barumsa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti kan ture. Fakeenyaaf:

  • Sirni barnootaa sadarkaa 1ffaa afaan biyya keessaatti (Amaariffaa) irratti hundaa’e qopheessuun kan itti yaalame ta’uu,
    • Caasaaleen barumsa sadarkaa 1ffaa (1-6), sadarkaa giduu-galeessa 2ffaa (7-8)fi sadarkaa lammaffa (9-12) jedhamee qoodamuu,
    • Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaan hedduu banamuu isaanii,
    • Yuunivarsitiin Fifinnee bara 1957 hundeeffamuun isaafi kkf.

V.      Wayitii Dargii (1974-1991)

Dargiin sirna Hayilesillaasee humnaan fonqolchee yemmuu taayitaa qabatuu fuula isaa gara biyyoota sooshaalistii ta’an gamtaa Sooviyeetii (soviet union)fi Jarman Bahaatti naanneeffate. Sirni barnootaas kaayyoowwan sirna sooshaalizimii galmaan akka gahuu danda’utti qindeeffame.Yeroo dargii kitaabileen haaraa hedduun ilaalcha sooshaalistaawaatiin maxxanfaman illee Afaan baruu barsiisuu hingeeddaramne. Bu’aawwan barnootaa wayitii dargii keessaa inni ijoo hiyyeessi marti barumsa sadarkaa tokkoffaa kaasee hanga barumsa ol’aanaati kaffaltii tokko malee barachuufi duula wallaalummaa bara 1975 eegalee hawaasni baadiyyaafi magaalaa hedduu dubbisuufi barreessuu kan itti danda’edha.

Yeroo dargii barattoonni kutaa 12 xumuuran ji’oota Afuriif baadiyyaa biyyatti keessatti bobba’uun akka barsiisaan dirqamu turan. Duula kanaan ummattooni Itiyoophiyaa %59 ta’u dubbisuufi barreessuu dandaa’anii turan.

  • Imaammata Barumsaafi Leenjii Itiyoophiyaa (1994-hanga ammaatti) Itiyoophiyaan imaammata barumsaafi leenjii mataa ishee yeroo jalqabaaf kan qopheeffate bara 1994 A.L.A. Imaammatni barumsaafi leenjii bara kana qophaa’e rakkoolee barumsa ammayyaa

Itiyoophiyaa mudate salphisuu ykn dhabamsiisuuf yaadameetu. Barumsi ammayyaa Itiyoophiyaa rakkoolee ijoo ta’an afuriif saaxilamee kan turedha. Isaan kunniinis:

  • Rakkoo dhaqabiinsaa,
    • Rakkoo wal-qixxummaa,
    • Rakkoo firoomummaa fi
    • Rakkoo qulqullinaa ture.

Kanneen armaan olitti tarreeffaman alatti rakkoolee leeccalloo barnootaa adda addaa, hanqina leenjii barsiisootaa, hanqina kitaabilee barnootaafi meeshaalee baruu-barsiisuu adda addaaf saaxilamee kan turedha. Carraan barnoota sadarkaa 2ffaafi leenjii teeknikaafi ogummaa baay’ee dhiphaa ture. Barnoonni sadarkaa ol’aanaa baay’ee muraasaafi rakkina hawaasaa furuuirratti hanqina qaba. Bara 1991 A.L.A. biyyatiin yuunivarsitoota sadii qofa qabdi turte. Bara 1995 dura Oromiyaan kolleejjii leenjii barsiisotaa tokko illee hinqabdu. Kolleejjoonni 12 ammaa leenjii kennaa jiran kun eega imaammatni barumsaafi Leenjii bara 1994 qophaa’ee booda kan hojiitti seenniidha.

Faca’insi barumsaa wal-qixxummaa baadiyyaafi magaalaa, shamarraniifi dhiiraa, sabaafi sablammootaa kan mirkaneesse hinture. Sirni barnootaas gargalcha sirna barnootaa biyyoota armaan durati ibsamanii ture. Karaa qulqullinaatiinis rakkoo hangana hinjedhamne ture. Rakkoolee kanneen ibsaman salphisuufi egaa imaammatni barnoota haaraa bara 1994 kan hundeeffame. Imaammaatni barumsaafi leenjii Itiyoophiyaa bara 1994 mata dureewwan ijoo ta’u saddeet jalatti geedderumsa bu’uura labsee jira.

Mata–dureewwan kunniinis:

  • Caasaa barnootaa
    • Afaanoota barnootaa
    • Sirna barnootaa
    • Bulchiinsa barnootaa
    • Faayinaansii barnootaa
    • Safaraafi madaallii barumsaafi
    • Dhimmoota leenjiifi dagaagina barsiisotaa
    • Barattotni barachuu dhaabuu
Text Box: Gocha 2.13: Hojii Garee
1.	Bu’aawwan gurguddoo wayitiiwwan armaan olitti heeraman keessatti barnoota Itiyoophiyaa keessatti galmaa’an adda baasuun irratti mari’adhaa.
2.	Barnoonni Oromiyaa keessatti barsiifama jiru qulqullina qabaa? Hinqabuu?
a.	Yoo qulqullina qaba jettan qulqullinni isaa maal akka ta’e tokko tokkoon irratti maria’chuun ibsaa
b.	Yoo qulqullina hinqaba jettaan ammoo hanqinni qulqullinni barnoota Oromiyaa maal maal akka ta’e tokko tokkoon irratti maria’chuun ibsaa. Barnoota qulqullina qabu barattota Oromoo barsiisuuf tarkaanfileen fudhatamu qaban maali?
Cuunfaa yaada irra geessan barattoota daree keessaniif dhiyeessa; irratti maria’adhaa.
3.	Seenaa jalqabiifi dagaagina “Qubee Afaan Oromoo” jarsollii fi hayyuulee iyyaafachuun; kitaabilee dubisuufi intsrneettii sakatta’uun odeeffannoo walitiqabuun barreeffamaan barsiisaa keessanitti gabaasaa.

Cuunfaa Boqonaa

  • Kaadhimamtoota Barsiisotaa! Boqonnaa kana keessatti hojirra oolmaa, madaalliifi jijjiirama sirna barnootaa ilaalchisee qabxilee ijoo ta’an kanneen akka adeemsa hojiirra oolmaa sirna barnootaa, qabatamtoota hojiirra oolmaa sirna barnootaarratti dhiibbaa geessisan kanneen akka fedhiifi bu’aa qabeessummaa, iftoomina, walxaxiinsafi qulqullina, gahee hooggansaa, walitti dhufeenya barsiisotaafi amaloota barsiisotaa ilaallee jira. Sababoota adda addaa irraa kan ka’es sirni barnootaa biyya tokkoo jijjiiramuu kan danda’u ta’uu isaas ilaallee jira. Jijjiiramni taasifamu kunis, kan karoorfame, dhiibbaan kan dhufuufi jijjiirama waal ta’iinsaan kan ta’u ta’uu danda’a. Akka boqonnaa kana keessatti hubachuun danda’amutti jijjiiramni sirna barnootaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa tureefi ta’aa jiru irratti dhiibbaa guddaa kan qaban biyyoota alaafi jijjiirama siyaasaa biyyatii keessatti gaggeeffamanidha.
  • Jijjiiramni sirna barnootaa keessatti taasifamu sababa adda addaa irraa kan ka’e dafee hojiirra ooluu dhiisuu danda’a. Arkifachuu hojiirra oolmaa isaafis qabatamtootni kanneen akka callisanii qollifachuu, shakkii, jijjiiramootni ariitiin uumamauu, beekumsa gahaa dhabuu,fi kanneen biroo sababa ta’uu danda’u.
  • Jijjiirraa sirna barnootaan walqabatees madaalliin kan gaggeeffamu ta’uu issafi gosootni madaallii sirna barnootaa adda addaa akka jiranis kutaa kana keessatti dhiyaatee jira. Madaalliin sirni barnootaa jijjiirameefi fooy’ee qophaa’e hangam bu’aa barbaadame akka fideefi hinfidiin addaan baafachuuf gargaara. Dhumarrattis, haala dagaagina barnoota Itiyoophiyaa ilaalchisees qabxiileen hubannoo isiniif uumuu danda’an boqonnaa kana keessatti dhiyaatee jira.Walumaagalatti boqonnaa kana keessatti dhimmoota ijoo armaan olitti heeramaniifi kanneen biroo kutaa kana keessatti dhiyaatanirratti hubannoo akka horattan abdii guddaa qabaachaa gaaffilee ofiin of madaallii armaan gadiitiinis hubannoo keessan akka sakattaatan isin affeerra.

Shaakala Boqonnaa

I.        Gaaffilee armaan gaditti dhiyaatan, sirrii yoo ta’an, DHUGAA dogoggora yoo ta’an immoo SOBA jechuun deebisi.

  1. Sirna barnootaa hojiirra oolchuuf adeemsi ifa ta’eefi duraa duuba qabu hordofamu hinjiru.
  2. Hojiirra oolmaa sirna barnootaa keessatti qabatamtootni mana barumsaan alaa dhiibbaa geessisan hinqaban.
  3. Beekumsa gahaa dhabuun hojiirra oolmaa sirna barnootaa qabatamtoota gufachiisuu danda’an keessaa tokkodha.
  4. Jijjiiramni dhiibbaan gaggeeffamu humnaafi to’annoo qaama olaanaan waan raawwatuuf raawwiin isaa milkaa’aadha.
  5. Gosoota madaallii keessaa madaalliin walittiqabaa murtee kennuuf gargaara.

II.    Gaaffilee armaan gaditti dhiyaataniif qubee deebii sirrii ta’e qabate filachuun deebisi.

  1. Kanneen armaan gadii keessaa sababoota rincica jijjiiramaa kan hintaane isa kami?
A.        QollifachuuB.Fuula dura amansiisaa hintaane
C.        Jijjiiramootni ariitiin uumamuuD.Deebiin hinkennamne
  • Hojiirra oolmaa sirna barnootaa keessatti tokkoffaa irratti kan dhufu kamiidha?
    • Yaalii                                     B.          Hojiirra oolmaa guutuu

C.        Madaallii waliigalaa                D.        Deebiin hinkennamne

  • Kan armaan gadii keessaa ulaagaalee madaallii kitaabaa kan ibsu isa kamii?
    • Barbaachisummaa                   B.        Dhugummaa

C.        Bu’aa hawaasummaa              D.        Hunda

III.    Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii kenni

  1. Akaakuwwan madaallii sirna barnootaa ibsi
  • Dagaagina barnoota Itiyoophiyaa keessatti gahee aadaan gumaacheefi gumaachaa jiru ibsi.
  • Dagaagina barnootaa itiyoophiyaa keessatti gahee biyyootni alaa gumaachan ibsi.

1
Created on By admin

TECS 112 Chapter 2 Quiz

TECS 112 Chapter 2 Quiz

1 / 5

TECS 112 2.1. Gosootni jijjiirama sirna barnootaa meeqatu jiru?

2 / 5

TECS 112 2.2. Sadarkaalee hojiirra oolmaa sirna barnootaa keessaa inni jalqabaa kami?

3 / 5

TECS 112 2.3. Seenaa dagaagina barnootaa biyya keenyaa keessatti barnoonni aadawaa bakka meeqatti qoodama?

4 / 5

TECS 112 2.4. Kanneen armaan gadii keessaa sababoota rincica jijjiiramaa kan hintaane isa kami?

5 / 5

TECS 112 2.5. Kan armaan gadii keessaa ulaagaalee madaallii kitaabaa kan ibsu isa kamii?

Your score is

The average score is 0%

0%

Boqonnaa 3: Malleen Baruu-Barsiisuu

Seensa

Kaadhimamtoota barsiisotaa!Boqonnaa lammaffaa keessatti waa’ee hojiirra oolmaa, madaalliifi jijjiirraa sirna barnootaa ilaallee jirra. Qabiyyeewwan kanarrattis hubannoo gahaa akka gonfattan abdii qabna. Boqonnaa kana keessatti immoo hiika yaad-rimeewwan kanneen akka naamusa ogummaa (etiksii) barsiisummaa, seer-bu’uuraalee baruu-barsiisuu, malleen baruu-barsiisuu, malleen si’aayinaan barachuu ilaaluuf deemna. Kana malees, waa’ee amaloota baruu-barsiisuu gahumsa qabu, bifoota malleen baruu-barsiisuu adda addaafi akkaataa hojiirraa oolmaa isaanii, seerota baruu barsiisuufi ulaagaalee malleen baruu-barsiisuu filachuuf gargaaranfi daree barattoota hedduu barsiisuuf qabxiilee hordofamuu qaban ni barattu. Yeroofi humna keessan karoora irratti hundaa’uun barnoota keessaniif oolchuu akka qabdan beekuun barbaachiisadha. Kana malees tokko tokko mata duree daree keessatti barachuun dura dhuunfaan ykn gareen dubbiftanii dhufuun milkaa’ina keessaniif ni gumaacha.

Ga’umsawwan Boqonnichaa

Xumura boqonnaa kanaatti Kaadhimamtootni Barsiisotaa:

  • Yaad-rimeewan barsiisuu, baruu, seer-bu’uuraaleefi malleen baruu-barsiisuu ni ibsu.
    • Naamusa barsiisummaa ni amaleeffatu.
    • Amaloota baruu-barsiisuu ga’umsa qabuu, gahee barsiisaafi barataa ni tarreessu.
    • Malleen si’aayinaan barachuu adda addaa ni fayyadamu.
    • Malleen si’aayinaan barachuu keessatti gahee barsiisaafi barataa adda ni baasu.
    • Malleen si’aayinaan barachuu adda addaa fayyadamuun ni barsiisu.
    • Tarsiimoowwan baruu-barsiisuu daree barattoota hedduu ni fayyadamu.
    • Ulaagaalee malleen baruu-barsiisuu ittiin filatan adda ni baafatu.

3.1.            Barsiisuufi Barachuu

Jechoonni kun lamaan kan waliin deemaniifi yeroo baay’ee barreeffamoota adda addaa keessatti baruu-barsiisuu jedhamuun dhiyaatu. Baruu-barsiisuu kan jedhu kun walitti dhufeenyaa baruufi barsiisuu agarsiisuuf. Kunis barsiisaan kan barsiisu barataan akka baratu gochuufidha.

1.      Barsiisuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Yaad-rimee barsiisuu jedhu ni ibsu.
Text Box: Gocha 3.1: Hojii Garee

Ijoollummaa keessanii kaastanii mana barnootaa keessatti barsiisaan isin barsiisaa ture. Yaada “barsiisuu” jedhu irratti hubannoo qabdan maria’achuun barreeffaman daree keessaniif dhiyeessa.
Lk.Hiika BarsiisuuHayyuu hiikeefi bara
1Karaalee namni tokko nama ykn namoota biroo irratti jijjiirama fiduuf jecha dhiibbaa adda addaa ittin taasiisuudhaGagne (1963)
  2Adeemsa qunnamtii yemmuu ta’u keessumattuu marii daree barnootaa keessatti barsiisaafi barattoota gidduutti gochaalee beekamoo ta’an irratti gaggeeffamuudha  Amidonfi Hunter (1967)
3Gochaa namoota gidduutti barachuu nama tokkoofi tokkoo ol ta’an qajeelchuutiKlauer (1985)
4Namni gara biraa akka baratuuf gochaa ykn tarkaanfii kaayyo qabeessa raawwatamudha.Robertson (1987)

Barsiisuun amaloota armaan gadii ofkeessaati qabata:

  1. Barsiisuun gocha ykn raawwii dha:Yemmuu raawwatamu arguu ni dandeenya.
  2. Barsiisuun adeemsa dha: Kana jechuun barsiisuun gochaalee tartiibaan ykn duraa- duubaaniifi murtee barsiisaatiin raawwataman addaa addaa of-keessa qaba.
  • Barsiisuun gochaalee namoota gidduutti gaggeeffamudha: Kana jechuun barsiisuun gochaalee barsiisaafi barataa tokkoofi isaa ol gidduutti adeemsiifamu kan agarsiisudha.
  • Barsiisuun gocha kayyeeffatamee raawwatamudha: Kana jechuun barsiisuun galtee ykn kaayyoo qabeessadha. Kaayyoleen kunis sadarkaa addaa addaa irratti jijjiirama amalaa barataa irraa eegamu fiduudha.

Walumaagalatti barsiisuun karooraan kan gaggeeffamu ta’e jijjiirama yaad-qalbii barbaadamu barattoota irratti fiduuf barattoota onnachiisuu, kakaasuu, jajjabeessuu, kallattii itti agarsiisuu, gargaaruufi madaaluu of keessatti qabata.

3.1.1.  Amaloota Barsiisuu Ga’umsa Qabuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Xabiyyoota barsiisuu ga’umsa qabuu ni ibsu.
Text Box: Gocha 3.2: Hojii garee
Hanga yoonaa mana barumsaa keessatti barsiisaatu isin barsiisaa ture. Gaaffilee armaan gadii irratti mari’adhaa.
1.	Barsiisaa jechuun maal jechuudha?
2.	Barsiisaan ga’umsa qabu barsiisaa akkamiiti?
3.	Barsiisaa ga’umsa qabu irraa waantotni hineegamne maal fa’i?
Adeemsa marii keessan keessatti yaada maddisiistan walitti qabuun barattoota daree keessaniif dhiyeessaa. Yaada garee biroos dhaggeeffadhaatii xumurarratti gudunfaa irra geessan daree keessaniif barreeffamaan gabaasaa.

Barsiisaa/tu jechuun nama namni biroon akka beekumsa, ogummaafi ilaalcha gaarii walumaagalatti ga’umsa akka horatu kan nama gargaaru/tu ykn haala mijeessu/tudha. Kana jechuun namni tokko uumamumaan dandeetti kuufamaa wayii (potential) ni qaba jechuudha.  Egaa barsiisaan waan daa’ima sana keessa uumamumaan jiru sana karaa sirrii irra akka inni guddatu deggeruufi haala mijeessuufii qaba.

Namni tokko waa nama barsiisuuf ykn deggersa kennuuf immoo dursa ofii isaatii/isheetii beekumsa, ogummaafi ilaacha gaarii (ga’umsa) qabaachu qaba/qabdi. Haala gaariin barsiisuun ulaagaalee armaan gadii of keessatti qabata.

  1. Haalli daree barnootaa gochaalee baruu-barsiisuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.
  2. Gochaalee barannoo (learning activities) addaa addaa kan fayyadamudha.
  3. Saffisa barnootaa kan eegudha /baruu-barsiisuu itti fufiinsa qabu kan hundeessudha.
  4. Hirmaannaa barattootaa kan jajjabeessuufi barattoota hunda kan hirmaachisudha.
  5. Fooyya’iinsa      barattotaa      kan                           to’atuufi        fedhii barattootaaf xiyyeeffannaa kan kennudha.
  6. Barnoota sirriittii caaseeffameefi haalaan qindaa’e kan kennuudha.
  7. Yaad-deebii ijaarsaa kan kennudha.
  8. Haguuggii kaayyolee barnootaa kan mirkaneeffatudha.
  9. Tooftaalee iyyaafannaatti haalaan kan fayyadamudha.

Walumaagalatti, haala gaariin barsiisuufi barsiisaan/tuun ga’umsa qabu/du kan walirraa adda ba’an miti. Haaluma kanaan, barsiisaan/tuun tokkoo haala gaariin barsiisuuf amaloota armaan gadii mul’isuu danda’uuti irraa eegama.

  • Gosa barnootaa barsiisurratti dandeettii/beekumsa gahaa qabaachuu;
  • Malleen baruu-barsiisuu irratti hubannoo gahaa qabaachuu;
  • Garaagarummaa muuxannoo, fedhiifi dandeettii barattoota gidduu jiruuf  beekamtii kennuu;
  • Hooggansa daree barnootaarratti ga’umsa qabaachuu;
  • Yeroo haalaan itti fayyadamuufi kkfdha.

2.     Barachuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaa barachuu himuu.
Text Box: Gacha 3.3: Hojii dhuunfaa
Hanga ammaatti mana barumsaa keessatti barachaa jirtu. Muuxannoo qabdu irratti hundaa’uun gaaffilee armaan gadii deebisi.
1.	“Barachuu” jechuun maal jechuudha?
2.	Maaliif baratta?
Deebii kee qindeeffachuun daree keessatti dhiyeessi.

Yaad-rimee ‘barachuu’ jedhuuf akkuma ‘barsiisuu’ hayyoota adda addaatiin hiikni adda addaa kennameefii jira. Haaluma kanaan, hiikawwan adda addaaa armaan gadii haa ilaallu.

Lk.Hiika barachuuHayyuu hiikeefi bara
1Jijiirama dandeettii raawwii ilma namaa itti fufiinsa qabu ta’ee bu’aa walqunnamtii barataan naannoo isaa wajjiin godhuuti.Driscol (1994)
2Jijjiirama      amalaa      ykn     beekumsaa     furmaata     qabuufi muuxannoo irraa argamuudha.Mayer (1982)
3Jijjiirama amalaa ykn dandeetii raawwii furmaata qabuufi bu’aa shaakallii ykn muuxannoo addaa addaati.Shuell (1986)

Walumaagalatti, “Barachuu” jechuun beekumsa ofii qaban foyyeeffachuu ykn beekumsa, ilaalcha, ogummaa, sona ykn filannoo haaraa shaakkallii/ muuxannoo irraa argachuu ykn horachuu jechuudha

3.1.2.  Amaloota Barachuu Bu’a Qabeessaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Agarsiistota barachuu bu’a qabeessaa tarreessu.
Text Box: Gocha 3.4: Hojii Garee
Barataan/ttuun tokko barachuu irratti bu’a qabeessa/tiidha jechuuf ulagaaleen ilaalamuu qaban maal maal akka ta’an maria’chuun barattoota daree keessaniitiif dhiyeessaa.

Barachuun bu’a qabeessa kan jedhamu amaloota armaan gadii yoo qabaatedha.

  1. Dandeettii kuufamaa barataan qabu cuunfee baasee barataan qabataamaan hojiin akka agarsiisu kan godhudha.
  2. Beekumsa sirrii barataan qabu kan gabbisuufi ga’umsa haaraa kan burqisiisudha.
  3. Barataan yaada mataa isaa akka qabaatuufi akka burqsiisu kan jajjabeessudha.
  4. Barattoota hirmaachisa.
  5. Kalaqaa kan kakaasuufi miiressudha.
  • Barattoonni jireenya isaanii keessatti kan itti fayyadamanidha.
  • Mala ittiin fala haaraa burqiisiisaniif haala mijeessa.
  • Qomatti qabachuun barachuu qofa osoo hinta’iin qorachuufi hubachuu kan dabalatudha.
  • Barattoonni addunyaa walxaxaa akka hubataniif kan qopheessudha.
  • Barattoonni naannoo isaanii qorachuu, hubachuu, xiinxaluufi yaada waliigalaa burqisiisuufi nama hiruu akka danda’an kan gargaarudha. Karaa biraatiin ammoo, barattoonni gad-fageenyaan yaaduu akka danda’an kan humneessudha.

3.2  . Si’aayinaan Barachuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaa si’aayinaan barachuu ibsuu.
Text Box: Gocha 3.5: Hojii dhuunfaa

Mee deebii gaaffilee armaan gadii irraatti dhuunfaan itti yaadaa.
1.	Eebeluun/abaluu si’ataadha ykn si’ooftuudha jechuun maal jechuudha?
2.	Si’aayinaan baracuu jechuun maali?
3.	Fayyidaan si’aayinaan barchuu maali?

Namni tokko si’ataadha yoo jennu gochaa raawwatamaa jiru tokko xiyyeeffannaan sammuufi qaamaan keessatti qooda fudhataa ykn hordofaa jira

jechuudha. Namni si’aayinaan waa dalagu bu’a qabeessa ta’a. Faallaa nama si’ataa, fajajaa/fajajjuu ykn dhibahaa/dhibooftuu jechuu ni dandeenya.

Akkuma dalagaalee biroo, barachuunis si’aayinaan

baratamuu qaba. Hiika hayyoonni barnootaa “si’aayinaan barachuu” jedhuuf kennan keessaa muraasni akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

  • Malleen baruu-barsiisuu kan barattoota qooda fudhachiisan (hirmaachisan)dha.
  • Adeemsi barsiisuu adeemsa barachuu barattootaa guutummaatti ilaalcha keessa kan galchedha.
  • Malleen baruu-barsiisuu barattootni barnoota isaaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan kan jajjabeessanidha.
  • Barattootni hubannoo ol’aanaa akka argataniifi kan hubatan sammuu isaanii keessa akka tursan kan gargaarudha.
  • Barattootni gochaalee barannoo hiika qabeessa ta’e akka hojjetanii barataniifi waan baratan akka yaadatan kan taasisudha.

Walumaagalatti si’aayinaan barachuu jechuun tooftaa ittiin barattootni waan barataa jiran irraatti damaqinaan hirmaachuun: wixinuun, karoorsuun, dubbisuun, barreessuun, dubbachuun, dhaggeeffachuun, hojjechuun calaqqisuunfi kkfn baratanidha.

Text Box: Gocha 3.6: Hojii Garee

Mee amma immoo hariiroo barsiisuu, barachuufi mala baruu-barsiisuu gidduu jiru gareen irratti mari’achuun barattoota daree keessaniif ibsaa.

3.2.1.  Amaloota Si’aayinaan Barachuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Amaloota si’aayinaan barachuu hubachuun yeroo barsiisaan itti fayyadamu.

Amaalootni si’aayinaan barachuu muraasni isaanii kanneen armaan gadiitii.

  1. Daree si’aayinaan barachuun jiru keessatti barattoonni callisanii dhageeffachuu qofaan odeeffannoo kan guuran osoo hintaane, nibarreessu; nimariyatu; nigaafatu; nideebisu; walumaagalatti waan baratanu keessatti dammaqinaan hirmaatu.
  2. Barattootni barachuu isaanii keessatti ittigaafatamummaafi hirmaannaa qabu.
  • Gochaaleen garee bal’inaan gaggeeffamu.
  • Walitti dhufeenyi daree keessaa barsiisaafi barattootaa akkasumas barattoota gidduu jiru mijataadha.
  • Barsiisaan haala mijeessaadha.
  • Quunnamtiin gar-lameedha.

3.2.2.  Faayidalee Si’aayinaan Barachuu

  1. Barattootni adeemsa baruu-barsiisuu keessatti ni hirmaatu.
  • Barattootni beekumsa akka ofiin ijaarataniifi dhuunfatan jajjabeessa.
  • Muuxannoo jireenyaa guyyaa guyyaa waliin wal qabatu argamsiisuuf carraa bana.
  • Carraa kallattiitiin yaaduufi waa faluu gabbisa.
  • Barattoonni akka fedhiifi dandeetti isaanii adda baafatan jajjabeessa.
  • Barattootni beekumsaafi muuxannoo kanaan dura qaban irratti caalaa akka ijaarataa deeman carraa banaaf.
    • Barattoonni dandeettii rakkoo hiikuu, gadi fageenyaan yaaduu, xiinxaluu, ijaaruufi madaaluu gabbifatu.

Walumaagalatti, mala si’aayinaan barachuu keessaatti barsiisaafi barataan waliin hojjechaa barataan ga’umsa barbaadame sana irra gaha jechuudha.

Text Box: Gocha 3.7: Hojii dhuunfaa

Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti, barattootni dammaqinaan hirmaatan kan jedhamu amalootni akkam akkamii yoo mul’atanidha? Dhuunfaan itti yaaduun barreessaatii barataa daree keessaniif dhiyeessaa.

Gahumsa Barachuu Barattootaa

Text Box: Gocha 3.8: Hojii dhuunfaa
Mammaaksi “Nan ga’ee na kennaa jette hintalli” jedhu ergaa maalii dabarsa?Eessa ga’uu agarsiisa?

Ga’umsa jechuun beekumsa, ogummaafi ilaalcha walsimachiisuun gocha ta’e tokko qixa eegamutti qabatammaatti raawwachuu danda’uu jechuudha. Hiikni ga’umsaa kun kan agarsiisu namni tokko ga’umsa qaba yoo jennu beekumsa, ogummaafi ilaalacha gaarii qabu walsimsiisee fayyadamuun yoo hojii tokko sadarakaa eegamutti hojjetee agarsiisuu danda’edha. Kana jechuun namni beekumsa qofaa qabu tokko ga’umsa qaba hinjedhamu. Akkasumas namni ilaalcha gaarii qabaachuun isaa qofti ga’umsa qaba isa hinjechisiisu. Beekumsa, ogummaafi ilaachaa gaarii walsimachiisanii hojii tokko sadarkaa barbaadamutti fiixaan baasuun ga’umsi jiraachuu agarsiisa. Hariiroo Ga’umsi beekumsa, ogummaafi ilaalcha waliin qabu fakkii armaan gadiitiin agarsiisuun ni danda’ama.

Fakkii 3.1: Hariiroo Ga’umsi beekumsa, ogummaafi ilaalcha waliin qabu

Walumaagalatti, barattootni keenya sadarkaa irra jiran irratti gahumsa irraa eegamu akka gonfataniif malleen baruu-barsiisuu, karoorri barnootaa, hooggansi daree barnootaafi kanneen biroo hojiirra oolan gumaacha guddaafi bakka bu’aa hinqabne qabu.

Kanaafuu, karoora barnootaa ulaagaalee taa’an guutan, malleen baruu-barsiisuu qabiyyee barsiifamaniif mijataa ta’aniifi barattoota barumsa keessatti hirmaachisanitti fayyadamanii haala gaariin barsiisuufi daree haala barnootaaf mijaatutti qindeessuufi hoogganuun barbaachisaa ta’a.

Naamusa Ogummaa Barsiisummaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Mirgaafi dirqama isaanii addaan baasanii beekuun haaluma sanaan hojiirra ni oolchu.
Text Box: Gocha 3.9: Hojii Garee

Mirgaafi dirqamni barsiisaa maal akka ta’e gareen irratti mari’adhaa dareetti gabaasaa. Barsiisaa isin ammoo gabaasa barattootaarratti yaada kennaa.

Naamusni ogummaa barsiisummaa (Code of Ethics of Teaching Profession) barsiisaan hojii

barsiisummaa keessatti maal hojjechuun akka irraa eegamuufi maal hojjechuu akka hinqabne addaan baasee beekuun haaluma sanaan akka hojjetu isa gargaara. Naamunsni barsiisonni qabaachuu/hordofuu qaban akka armaan gadiitti ibsamaniiru.

I.     Ogummaa Isaanii Ilaalchisee

  • Barsiisummaan hojii hawaasummaa isa guddaafi guddina hawaasaafi biyyaaf bu’uura ta’uu hubachuun of kennuun hojjechuu;
    • Ogummaa ofii karaa saayinsaawaa ta’een: barumsa itti-fufanii barachuun, dubbisuun, qorannoo gaggeessuun, muuxannoo walii hiruunfi kkf gabbiffachuu;
    • Hojii ogummaa ofii yeroo kenname keessatti qulqullina isaa eeganii hojjechuu;
    • Amala gaarii agarsiisuun warra kaaniif fakkeenya ta’uu;
    • Ogummaa ofii ilaalchisee itti-gaafatamummaa fudhachuufi kkfdha.

II.      Walitti-dhufeenya Barattoota Wajjiin qabaachuu Qabu Ilaalchisee

  • Walitti-dhufeenya baruu-barsiisuufi haala nageenya barattootaa irratti hundaa’e qabaachuu;
    • Barattoota hunda walqixa (loogii malee) keessuummeessuu, barsiisaan loogii tokko malee hojjechuu;
    • Walitti-dhufeenya aadaafi seenaa walii waliif kabajuu irratti hundaa’e ta’uu qaba;
    • Barattoota akka dandeetiifi fedhii isaaniitti gargaaruu;
  • Mirga namummaa walii kabajuu;
    • Barsiisaan waan dubbatuufi waan hojjetuun barattootaaf fakkeenya gaarii ta’uu.

III.      Walitti-dhufeenya Miiltowwan Waliin Qabaachuu Qabu Ilaalchisee

  • Barumsa giddu-galeessa godhachuun barsiisotaafi bulchiinsa mana barumsaa wajjiin walitti-dhufeenya gaariifi wal gargaaruu irratti hundaa’e uumuu;
    • Namoota wajjiin hojjetuuf kabaja kennuu;
    • Wal-dhabdee uumaman mariifi walii-galteen hiikuu;
    • Waltajjii argame irratti yaada ogummaa barsiisummaa cimsu dhiyeessuu; muuxaannoo walii qooduu;
    • Rakkoofi gammachuu irratti wal bira dhaabachuufi kkf.

IV.   Walitti-dhufeenya Warra Ijoollee/Barattootaa Wajjiin qabaachuu Qabu Ilaalchisee

  • Itti- gaafatamummaa warri barumsa ijoolleesaanii irratti qaban beekuun kabajuufii; warra hinbeekne immoo akka isaan ijoollee isaanii gargaaran gorsuu;
    • Warra ijoollee wajjiin walitti-dhufeenyaa gaarii uumuun haala barumsa ijoollee isaanii akka beekan gochuu/gabaasuu;
    • Barattoonni akka isaanii warra isaanii irraatti amantaa godhataniifi akka kabajan gorsuu.

V.   Walitti-dhufeenya Hawaasa Wajjiin Qabaachuu Qabu Ilaalchisee

  • Manni barumsaa inni guddaan hawaasa ta’uu beekuun kabajuu;
    • Hawaasa irraa barachuufis ta’e barsiisuuf hariiroo gaarii uumuu;
    • Barumsa ga’aa hawaasa keessatti baballisuuf adda-durummaan hirmaachuu;
    • Walqixxummaa sabaafi sab-lammootaatti amanuun guddina afaaniifi aadaa isaatiif tumsuu;
    • Hawaasaafi biyya isaatiif wabii ta’uufi kkfdha.

VI.   Walitti-dhufeenya Waldaa Barsiisotaa Wajjiin Qabaachuu Qabu Ilaalchisee

  • Waldichi miseensota isaatiif gargaarsa barbaachisu akka godhu gochuuf deggersa barbaachisu gochuu;
    • Seera waldichaarratti hundaa’uun itti-gaafatamummaa ofiifi dirqama ofii ba’uu;
    • Waldichi qorannoo irratti hundaa’uun adeemsa baruu-barsiisuu fooyyeessuu akka danda’u gargaaruu;
    • Seera irratti hundaa’uun waldichi itti-gaafatamummaafi dirqama isaa hinbaane taanaan akka itti gaafatamu gochuu.

Etiksii barsiisummaa wajjiin wal qabatee barsiisaan migaafi dirqama qaba. Isaanis, akka armaan gadiitti ibsamaniiru.

A.       Mirga

  • Yaada baruu-barsiisuu fooyyeesuu danda’u dhiyeessuu;
    • Carraa barumsaa mootummaan kennamu irratti dorgomuu;
    • Ulaagaalee guutee yoo argame guddachuufi faayidaalee guddina sanarraa argaman argachuu;
    • Ogummaa isaa kabachisiisuu- yeroo warri kaan seera cabsan sirreessuu, akka itti gaafataman gochuu;
    • Koreewwan adda addaa mana barumsaa keessa jiran keessatti hirmaachuu;
    • Ilaalchaafi amantii dhuunfaan qabu irraa kan ka’e yakkamuu hinqabu.

B.     Dirqama

  • Seera mana barumsaa kabajuun itti buluu;
  • Yeroo yerootti dandeettii ofii fooyyeeffachuu;
  • Mana barumsaa keessattis ta’e alatti hariiroo hinbarbaachifne barattoota wajjiin qabaachuun dhorkaadha. Fakkeenyaaf, barattoota irraa faayidaa addaa gaafachuufi fudhachuu, salqunnamtii hinbarbaachifne barattoota wajjiin gochuu, barattoota wajjiin tamboo/shiishaa xuuxuu, jimaa qama’uu;
  • Mana barumsaa keessatti jimaa qama’uu, dhugaatii nama macheessu dhuguu, baala sammuu nama adoochuu faayadamuun dhorkaadha.
    • Daree, mana kitaabaa, mana yaaliifi handhuura gabbina barnootaa keessatti tamboo xuuxuun dhorkaadha.
    • Mirga barattootaa dhiibuu: arrabsuu, jechoota sammuu isaanii miidhanitti fayyadamuu; gaaffii gaafatameef deebii hinbarbaachifne keennuun dhorkaadha.
    • Mana barumsaa keessatti ilaalchaafi amantii ofii nama biraa irratti fe’uun dhorkaadha.
    • Daree keessatti ilaalcha siyaasaa mataa ofii kallattiinis al-kallatiin gaggeessuun hindanda’amu.
    • Barattoota irratti adabbii qaama isaanii miidhu fayyadamuu dhiisuufi kkf.

Seer-bu’uuraalee Baruu Barsiisuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Seer-bu’uuraalee baruu barsiisuu hojii irraa ni oolchuu.
Text Box: Gocha 3.10: Hojii Garee

Hojiin baruu-barsiisuu hojii tajaajila ummataaf ittiin kennaan keessaa isa gudaadha. Manneen barnootaa keessatti barsiisaan, barataaniifi hooggansi bulchiinsaa ni jira. Egaa yeroo baruu-barsiisuun adeemsifamutti seeraafi naamusa hordofamu malan irratti mari’adhaatii tarreessaa. Yaada irra geessan barattoota daree keessaniif dhiyeessa; kan isaaniis dhaggeeffadhaatii gabbisaa.

Baruu-barsiisuun hojii hawaasumaati. Hawaasni ammoo aadaa, safuu, seera bulmaataafi siyaasaa qaba. Haaluma kanaan hojiin baruu-barsiisuu seeraa bu’uura ta’an (seer-buuraalee) mata isaa danda’e qaba. Kanaaf, safuufi seerri hawaasaa bu’a qabeessa ta’an adeemsa baruu-barsiisuu keessattiis ta’e seera manneen barnootaa keesatti calaqisuufi kabajamu qabu. Seer-bu’uuraaleen baruu-barsiisuu ijoo ta’an akka armaan gadiitti ibsamaani jiru.

1.       Baruu barsiisuu siyaasa, dinagdeefi imaammata hawaasa biyyattii wajjiin walqabsiisuu

Sirni barnoota biyya tokkoo dhugaawwan haala hawaasummaafi siyaasaa hawaasa biyyaattii calaqisiisuu qabu. Barsiisaanis haaluma sanaan qabiyyee barnootaa akkaataa siyaasa, dinagdeefi haala hawaasummaa wajjiin walqabsiisee barsiisuu qaba.

2.       Baruu-barsiisuu jirreenya hawaasaa wajjiin walqabsiisuu

Kaayyoon seer-bu’uura kanaa inni guddaan barattoota hojii oomishitummaatiif qopheessuudha. Kana jechuun yaaxina (yaad-hiddama) gocha qabatamaa wajjin walqabsiisuudha. Fkn, barnoota walmaddeessa mana barumsaa keessatti dagaagsuun seeruma kana hojiirra oolchuudha.

3.       Gosa barnootaa adda addaa walqabsiisuun barsiisuu

Gosooti barnootaa manneen barnootaatti barataman hariiroo dalgeefi olee qabu. Hariiroon gosa barnootaa dalgee jechuun hariiroo gosa barnootaa adda addaa kutaa tokko keessatti barataman gidduu jiru jechuudha. Hariiroo gosa barnootaa olee jechuun immoo hariiroo gosa barnoontaa tokko kutaa adda addaa keessatti baratammu gidduutti jiraachuu qabu jechuudha. Innis fakkeenyaaf, Afaan Oromoo kutaa 1ffaa, 2ffaa, 3ffaafi 4ffaagidduutti hariiroon wal irratti ijaaramanii wal utubuu jiraachuu qaba jechuudha.

Kaayyoon hojii baruu barsiisuu mana barumsaa inni guddaan barattoonni dhugaa gosa barnootaa adda addaafi sadarkaalee adda addaa keessaatti argatan haala wal faalleessuun osoo hintaane haala wal utubuun jireenya hawaasummaa keessatti akka itti fayyadamuu danda’anitti waltti qindeessuun barsiisuudha. Qindoominni gosoota barnootaa barattoonni tokkummaa yaadaa, ogummaa guutuufi ilaalcha waliigalaa akka dagaagfatan garagaara. Hojiirra oolmaan seer-bu’uura kanaaf, walitti dhufeenya gosoota barnootaa ilaalchisee silabasii ykn kitaaba xiinxaluun barbaachisaa ta’a. Dabalataanis, walitti dhufeenya qaban irratti hundaa’uun jechoota bu’uuraa, yaad-rimeefi yaada dimshaashaa sirriitti babal’isanii ibsuuf gargaara.

Text Box: Gocha 3.11: Hojii Garee
Tapha ijoolleen abidda bira taa’anii taphaan: tokkeen quba, lamaan mucha reettii; tokkeen quba, sadan sunsuma/gemmii abiddaa, lamaan mucha reettii; tokkeen quba, arfan mucha saawwaa, sadan gemmii abiddaa, lamaan mucha reettii, tokkeen quba….. jedhan hariiroo isa kam akka agarsiisu irratti mari’achuun isinis fakkeenya biroo dhiyeessuun mari’adhaa.

4.       Gochaalee barattootaa qajeelchuu (Gaggeessummaa barsiisaafi gahee hojii dhuunfaa)

  1. Gaheen gaggeessummaa barsiisaa isaan ijoo jedhaman: karoorsuu, gurmeessuu, barattoota qajeelchuu, jajjabeessuu, dadammaqsuu, haala mijeessuufi deggeruudha. Gochaaleen barsiisota kanneen barachuu barattotaa bu’a qabeessa gochuuf murteessoodha.
    1. Gochaaleen barattoonni dhuunfaa isaaniitiin itti gaafatamummaan hojjetan kaka’umsa keessoofi dagaagina kalaqaa sammuutiif gargaara.
      1. Seerri kun kan nutti agarsiisu barattoonni daree barnootaa keessatti calliisanii kan dhaggeeffataniifi odeeffannoo fudhatan qofa osoo hinta’iin si’aayinaan kan baratan ta’uu isaati. Seer-bu’uura kana hojiirra oolchuuf:
    1. Hojii barattootaa sirriitti karoorsuu, gurmeesuu, qajeelchuu, too’achuufi madaaluu;
  • Adeemsa barachuu barattootaa dammaqinaan qajeelchuu;
  • Barattootaa kakaasuufi dadamqsuufi
  • Suuta suutaan hojii dhuunfaa barattotaa dagaagsuudha.
Text Box: Gocha 3.12: Hojii Garee

Seer-bu’uura 4ffaa kanaafi yaad-rimee si’aayinaan barachuu jedhu gidduu hariiroo jirurratti gareen mari’achuun yaada keessan waliif ibsaa.

5.       Baruu-barsiisuu hunda galeessa gochuu

Dhimmi seer-bu’uura kanaa inni guddaan adeemsa baruu-barsiisuu fedhii, beekumsa, humna, dandeetiifi ogummaa wajjin akka walsimatu gochuudha. Seerota baruu-barsiisuu kan waliigalaa gochuuf gargaaran hojiirra oolchuudha. Isaanis, barumsa kennamu waan qabataamaa (concrete) irraa gara axeereraatti (abstract), waan beekamurraa gara hinbeekamnetti, wan salphaarraa gara ulfaatatti, dhihoo irraa gara fagootti adeemuun barsiisuudha.

6.       Baruu-barsiisuun iftoomina akka qabaatu gochuu

Barachuun milkaa’ina qabu yeroo kamiiyyuu hubannaa barattoonni qabiyyee irratti qaban irratti hundaa’a. Barumsi yaadaafi hubannoo gahaafi ifaa ta’e irratti hundaa’a. Kana dhugoomsuuf immoo barnoonni kennamu ifaa ta’uu qaba. Barumsi beekumsa gahaa dabarsuu danda’u immoo yaad-hiddamafi waan namatti dhagahamu ykn miireessinu (sensual), yaad-sammuufi gocha walqabsiisuun kan gurmaa’udha. Sababni isaas miireessuuniifi yaaduun hubannoo  dhala namaatiif bu’uura waan ta’aniif. Seera kana hojiirra oolchuuf meeshaalee deggarssa barnootaa kan akka meeshaalee uumamaa, moodeloota, chaartii, maapiifi meeshaalee laabooratoorii fayyadamuun waan dhugaan jiru, rakkoo, taateewwan barattootatti agarsiisuun seerichi hojiirraa oola.

7.    Garaagarummaan dhuunfaa namoota gidduu akka jiru beekuun, gochalee barattoonnii waliin raawwatan irratti hunda’uun barattootatti dhiyaachuu

Barsiisaan, ga’umsa barattoonni gama qaamaatiifi sammuutiin qaban beekuu qaba. Hojiirra oolmaa isaa immoo garaagarummaa dhuunfaa barattoota gidduu jiru hubannoo keessa galfachuudha. Fakkeenyaaf, barattoonni ammi tokko dandeettii mashiinii tokkoo hiikuu/suphuufi itti hojjechuu yoo qabaatan warri kaan immoo yaad-hiddama qofaatiin beeku ta’a. Kanaaf, garaagarummaan barattoota gidduu jiru erga baramee booda, malleen/tooftaalee adda addaatti fayyadamuun dandeettiifi fedhii garaagaraa isaan qaban guutuuf hojjechuun barbaachisadha.

8.   Bu’aa barnootaa hojiirra oolchuufi furmaata akka qabaatu gochuu

Qulqullinni barnootaa kan safaramu bu’aa isaatiin. Bu’aan kun immoo kan hojiirra ooluufi kan furmaata qabu ta’uu qaba. Baruu-barsiisuun irra deddeebii, cuunfaafi shaakala karoorfame barabaada. Kana malees, beekumsi, ogummaanfi dandeetiin hojiirra ooluu ykn itti fayyadamu qabana. Hojiira oolmaan seer-bu’uura kanaa faayidaa cimsuun (irra deebiin, yaada waliigalaa, itti fayyadama beekumsa…) qabu sammuutti qabachuudha ykn beekuudha.

9.   Baruu barsiisuu akkaataa sirna barnootaatiin sirreessuu, mijeessuufi gaggeessuu

Seera kana hojiira oolchuuf, meeshaalee sirna barnootaa (silabasii, kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaa,fi meeshaalee baruu-barsiisuu biroo) qorachuu ykn qo’achuu barbaada. Kana malees

kaayyoo barnootaa iftoomina qabuufi karoora barnootaa sadarkaa hundaa keessattifi haala dandeetii, bilchinaafi dudduubee barattootaa irratti hundaa’e qopheessuu barbaada.

Malleen Baruu-barsiisuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Malleen barsiisuu fayyadamanii barattoota ni barsiisu

Adeemsa kaayyoo tokko bakkaan ga’uu keessatti mala fayyadamuun ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, kaayyoon keenya foon dhiyaate nyaachuuf yoo ta’e, foon sana murree nyaachuuf meshaa ittiin murru adda addaan jiraachuu ni danda’a. Tarii fakkiin akka gochaatti armaan olitti kaa’ame kun isin ajaayibsiisuu danda’a. Maaliif yoo jenne foon haadu qofaan akka muramu muuxannoo gatii wanta qabnuuf. Yoo haaduun dhibe meeshaaleen kaan jiraatan hoo? Kanaaf deebiin keenya kan baay’ee mijaa’uuf filatamuu qaba jenna malee foon murachuun haaduun qofa yoo ta’e malee jechuun sirrii hinfakkaatu.

Egaa, malli baruu-barsiisuus namuma foon murachuuf meeshaa filatuun walfakkaata. Yoo foon akka barumsaatti fudhanne, meeshaan ittiin foon muran ammoo akka mala barumsa sana ittiin barsiisaniitti fudhatama. Barannoo tokko barachuufis ta’e barsiisuuf mala barbaachisa. Barannoo sana barsiisuuf mala hedduutu jira (akkuma foon muruuf meeshaan hedduun jiru). Haa ta’u malleen hundi barumsa sana barsiisuuf walqixa bu’a qabeessa miti. As irratti egaa barsiisaan qaxalee ta’e mala barannoo sana barsiisuuf salpha, mijitaafi barattoonni osoo hindhiphatiin kan barnoota sana sirriit hubachuu ittiin danda’an filachuu danda’uudha. Malleen baruu barsiisuu akkaataa barsiisaan yaad-rimee, yaada qabiyyee keessa jiru barattootaaf ittiin dabarsuudha. Haala

kanaan barattoonni beekumsa barbaachisu akka argatan, ogummaafi sona addaa addaa akka dagaagfataniif kan gargaarudha. Malli baruu barsiisuu akkaataa barsiisaan qabiyyee barnootaa barattoota biraan itti gahuuti jechuun ni danda’ama.

Malleen baruu-barsiisuu tooftaalee barsiisaan barachuu barattootaa ittiin dhugoomsu of keessatti qabata. Malleen baruu-barsiisuu ofii isaaniitin galma miti. Mallii baruu-barsiisuu akkaataa galmi baruu-barsiisuu ittiin bira gahamuudha ykn ittin dhugoomudha. Kanaaf, barsiisuunis mala ykn toofta mataa isaa danda’e qaba. “Malaaf maalli jira, mucaaf harmi jira” jedhu mitii ree Oromoonni. Armaan gaditti malleen baruu-barsiisuu adda addaa barachuuf deemna.

Text Box: Gocha 3.14: Gocha Dhuunfaa

1.	Barumsa kee yeroo barachaa turte, barumsa barsiisuuf mala bebbeekamoo barsiisonni fayyadamaa turan tarreessi.
2.	Mala barsiisonni kee fayyadamaa turan keessaa kan ati baay’ee jaallattu isa kami? Yaada irra geesse barattoota daree keetiif qoodii.

Qoodama Malleen Baruu Barsiisuu

Akaakuun malleen baruu-barsiisuu hedduu waan ta’aniif, barachuuf akka tolutti malleen baruu- barsiisuu beekamoo bakka gurguddoo lamatti qoodnee ilaalla. Isaanis, malleen baruu-barsiisuu barsiisaa giddu galeeffataniifi malleen baruu-barsiisuu barataa giddu galeeffatanidha.

I.   Malleen Baruu-barsiisuu Barsiisaa Giddu Galeeffatan

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaafi    amaloota    malleen    barsiisaa    giddu   galeeffatan   hubachuun fayyadamuufi fayyadamuu dhiisuu ni murteessu.
Text Box: Gocha 3.15: Hojii garee
1.	Muuxannoo kanaan dura qabdan irraa ka’uun malleen barsiisaa giddu galeeffatan yeroo jennu maal jechuu akka ta’ee mari’achuun ibsa kennaa.
2.	Malleen barsiisaa giddu galeeffatan ciminniifi hanqinni isaanii maali?Yaada irraa geessan dareef gabaasaa.

Malleen barsiisaa giddu galeeffatan keessatti gochaaleen hedduu barsiisaadhaan kan raawwatamanidha. Malleen kana keessatti saffisniifi akkaataan baruu-barsiisuun itti gaggeeffamu ol’aantummaan kan hoogganu barsiisaadha.

Haalli kun immoo beekumsi barttoonni argatan yeroo gabaabaa keessatti akka irraanfatamu kan taasiisudha. Sababni isaas wanta hunda irratti murteessaan barsiisaa waan ta’eef. Daree barnootaa akkanaa keessatti barataan callisee dhageeffachuun barata. Barataa beekumsa ykn odeeffannoo barsiisaan dabarsuuf akka kuufatu taasiifama. Kunis, barataan akka kuusaa ykn fudhataatti malee akka nama yaada mataasaa qabuufi kennuu danda’uutti hinlakkaawwamu. Malleen barsiisaa giddu-galeeffatanii amaloota armaan gadiitiin beekamu.

  1. Yeroon qabiyyee barsiisuuf barsiisaaf kennamu bal’aadha (dhibbantaa ol’aanaa qaba).
  2. Barsiisaan hojii barattootaaf erga kennee booda, hanga xumuranitti akka irra turan taasiisa.
  3. Barsiisaan ibsuufi to’achuu irratti si’ataadha.
  4. Barattoonni dirqmaan hojiidhaan (fkn: dhaggeeffachuu, yaadannoo qabachuu) waan qabamaniif yeroo marii itti gaggeessanfi walitti-dhufeenya isanii itti fooyyeeffatan hinqaban.
  5. Ogummaan of danda’anii barachuu barattootaa baay’ee hacuucama.
  6. Kaka’umsa alaa kan akka badhaasaa, jajjuufi qabxii fayyadamuun barattoota hawwachuuf carraqama malee fedhii keessoo (onnee irraa buqqaate) barattootaa kakaasuu ykn uumuu irratti xiyyeeffannoon hinkennamu.
  7. Yeroo baay’ee adabbii cimaatti fayyadamuuti jira.
  8. Yeroo baay’ee madaalliifi yaad-deebiin isaa kan kennamu dhuma boqonnaa ykn dhuma simisteeraa ykn dhuma waggaatti gaggeeffama.

Malleen gurguddoon barsiisaa giddu-galeeffatan oduun ibsuufi agaree barameen barsiisuudha.

II.    Malleen Baruu-barsiisuu Barataa Giddu galeeffatan

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaafi amaloota malleen barataa giddu galeeffatan hubachuun malleen kanatti ni fayyadamu.

Malleen baruu-barsiisuu barataa giddu galeeffatan keessatti barattoonni gochaalee barannoo adda addaa keessatti dammaqinaan hirmaatu. Beekumsiifi muuxannoon duraan barattoonni qaban murteessoofi beekumsa haaraa ijaarachuu keessatti gumaacha ol’aanaa qabu. Mala kana keessatti gaheen barsiisaa haala ykn naannoo baruu-barsiisuun keessatti adeemsifamu mijaawaa ta’e uumuudha.

Hojiin barsiisaa gochaalee barattootaa gahaa qopheessuun kennuu, hojii barattootaa daawwachuu, hordofuu, deggersa kennuu, qajeelchuu, iyyaafachuufi madaaluudha. Malleen baruu-barsiisuu barataa giddu galeeffatan amaloota armaan gadiitiin beekamu.

  1. Barattoonni rakkoo hiikuu keessatti dammaqinaan hirmaatu.
  2. Barsiisaan haala mijeessaafi qajeelchaa ta’uun haala baruu-barsiisuu gaarii uuma.
  3. Barattoonni beekumsaafi muuxannoo duraan qaban walitti qindeessuudhaan barannoo haaraa keessatti itti fayyadamu.
  4. Barattoonni yaad-hiddamaafi shaakala walsimsiisuun baratu.
  5. Barattoonni kaka’umsa keessootiin waan barataniif barnoota isaaniif itti gaafatamummaa fudhatu. Kun immoo, barachuun bu’aa-qabeessa akka ta’u godha.
  6. Adabbiitti fayyadamuun yoo barbaachiise bifa amansiisaa ta’een malee humnaan hinfayyadamnu.
  7. Mala iyyaafannoon, madaalliin barnootaafi yaad-deebiin adda addaa waliitti fufiinsaan raawwatama.

Malleen gurguddoon malleen barataa giddu-galeeffatan jalatti ramadaman mala marii, mala rakkina hiikuu, mala gahee taphachuu, mala pirojektiifi kkfdha.

Text Box: Gocha 3.16: Hojii garee

1.	Gareen tokko malleen baruu-barsiisuu barataa giddu galeeffatan, gareen biroo immoo malleen baruu-barsiisuu barsiisaa giddu galeeffatan deggeruun wal-falmisiisuu;

2.	Akka gosa barnoota keessaniitti, barnoota kutaa 1- 4 kessaa mata duree filachuun malleen barsiisaa giddu galeeffataniifi barataa giddu galeeffatan fayyadamuun daree keessatti wal barsiisuun garaagarummaa malleen lamaan gidduu jiru xiinxaluun waliif dhiyeessaa.

Gosoota Malleen Baruu-barsiisuu

Malleen baruu barsiisuu beekaman hedduutu jiru. Malli baruu-barsiisuu tokko barannoo walfakkaatan hedduu barsiisuuf fayyaduu ni dandada’a. Malli baruu-barsiisuu hundi garuu walqixa barannoo tokko barataaf ibsuu dhiisuu ni mala. Malli baruu-barsiisuu tokko barataa hundaan walqixa jaallatamuu dhiisuu ni danda’a. Barataa tokkoof mala tokkoon yoo barannoon tokko sirriitti galeef, barataa biraaf immoo galuu dhiisuu danda’a.

Kanaaf, basiisaan barannoo tokko barattotaaf dhiyeessuuf akkuma garaagarummaa qabiyyee, fedhiifi dandeettii barattootaatti, mala addaa addaa jijjiiree fayyadamuu qaba. Ibsi akaakuu, faayidaaleefi hanqinni malleen baruu-barsiisuu addaa addaa akka armaan gdiitti dhiyaatanii jiru.

1.   Mala Od-ibsaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Mala od-ibsaa fayyadamanii barattoota barsiisu.

Mala od-ibsaa jechuun kan beekamu odeessuun ykn oduun qabiyyee tokko ibsuu jechuudha. Mala ibsaa (Afaan Ingliziitiin “Lecture Method” jedhame waamama) kana keessatti odeeffannoon barsiisaa irra agara barattootaatti afaaniin ykn barreeffamaan kan darbudha. Barsiisaan haala, yaada ykn dhugaa tokko barattootatti himuun ykn gadi fageenyaan addeessuun barsiisa. Malli baruu-barsiisuu kun qunnamtii gam-tokkee (barsiisaa/tuu irraa gaa barataatti qofa kan adeemudha). Ibsi akaakuu lama qaba.

  1. Malla     ibsa     baramaa:     Od-ibsa    kana keessatti  barattootaafi  barsiisaa   gidduutti mariin    dhabamuu    isaati.    Ibsi              barsiisaa addaan osoo hincitiin yeroo dheeraaf kan dhiyaatudha. Mallii kun barsiisa biyya kana keessattii kan amaleeffatameefi barattoota callisoo kan taasisudha. Maala kanatti yeroo barattoota mata-duree haaraa wajjiin wal barsiifnu, yeroo barattootaaf naamusa isaan hordofuu qaban itti himnufi kkfii itti fayyadamna.
  • Mala ibsa fooyya’aa: Od-ibsi fooyya’aan hirmaannaa barattootaaf iddoo kan kennudha. Fakkeenyaaf, barnoonni osoo oduun dhiyaachaa jiruu giduu gidduutti gaaffii gaafachuu, yaada dhuunfaa dhiyeessuu, gaaffii deebisuu irratti barattoota hirmaachisuu of keessatti qabata. Kunis od-ibsa boqotaa jedhamuun beekama.

Hanqinni guddaan mala ibsaa barattoota hinhirmaachisu. Barattoonni yaadaafi waan isaanii hingaliin gaafachuuf illee carraa hinqaban. Barattoota hinsi’eessu ykn hinkakaasu. Dadhabbii guddaan biroo mala kanaa mala iyyaafannoo daree keessaa dhabuu isaati. Malli iyyaafannoo gara caalaa qormaata giddu- galaa ykn qormaata xumuraati.

Kanaaf, barattoonni erga barsiisaa irraa oduudhaan odeeffaanno dhagahaanii booda yoo daree keessatti galeefis hingalleefis ta’e, oduu barsiisaa irraa dhagahan sana summuutti qabachuuf yeroo dheeraa irraa deddebi’uu isaan gaafata.

Malli kun mala baruu-basrsiisuu keessatti mala dulloomadha. Sadarkaa tokkoffaa mala kanaan barsiisuun faayidaan isaa hedduu xiqqoodha. Haata’u malee, malli kun gara caalaa manneenn barnootaa sadarkaa ol-aanaa keessatti (barattoota of danda’an) ni fayyada. Malli ibsaa haala tokko tokko keessatti faayidaa ni qaba. Haalota od-ibsa akka fayyadamnu taasiisaan keessaa kanneen armaan gadii muraasa:

  1. Yaad-rimee barnoota haaraa barattoota beeksisuufi bifa salphaa ta’een ibsuuf jecha.
  2. Qabiyyee bal’aa ta’ee yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf.
  1. Barattoonni hundi kitaaba gahaa kan hinqabaanne yoo ta’eefi qophii barsiisaa qofaan kan xumuramuu qabuu yemmuu ta’u.
  2. Hanqinni barsiisaa kan jiru yoo ta’e; fi
  3. Dareen barattoota hedduu barsiisuuf mijataa yoo ta’e.

Walumaagalatti malli Od-ibsaa mata-dureewwan ykn qabiyyeewwan hojii qabatamaa ta’e hinbarbaadneefi oduudhaan barsiisuun danda’amu barsiisuuf gargaara. Fakkeenyaaf, seenaa, mammaaksa, oduu duriifi kkf.

Text Box: Gocha 3.17: Hojii dhuunfaa

1.	Mala ibsaatiin barachuu ni filatta moo hinfilattu? Yoo filattes maaliif? Yoo hinfilattu ta’es maaliif akka hinjaallanne bareeffamaan ibsi.
2.	Mala od-ibsaa bu’a ( jabina) isaafi hanqina isaa wal bira qabuun barreeffamaan ibsiitii daree keessatti barattootaaf dhiyeessi.

2.   Mala Agareen Barsiisuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Adeemsawwan mala agaree hubachuun barsiisa isaanii keessatti ni fayyadamu.

Mala agareen barsiisuu jechuun meeshaalee deeggersa barnootaan fayaadamuun yaada ykn yaad-rimee tokko barattoota qabatamaan agarsiisaa barsiisuu jechuudha. Malli kun waantota uumamaan jiran, meeshaalee dhugaa ta’an, moodelootaafi adeemsa hojii barattootatti agarsiisuun kan raawwatamudha.

Malli agaree:

  • ibsa afaaniifi qabatamaan waan tokko agrsiisuu walitti qindeesse kan qabatedha.
    • dandeettii yaad-sammuufi ogummaa barattootaa dagaagsuuf gargaara.
    • hojii hirmaannaa, daawwannaafi gocha qabatamaa of keessatti qaba.

Malli agareen barsiisuu tartiiba adeemsa armaan gadii of keessatti kan qabatedha. Isaanis ibsuu, agarsiisuu, raawwii barattootaa, daawwannaa barsiisaa, iyyaafannoofi madaalliidha. Mala agaree caalaatti bu’a-qabeessa taasiisuuf barsiisaan kanneen

armaan gadii raawwachuu qaba.

  • Agarsiisuuf yeroo mijataa ta’e filachuu;
  • Meeshaalee          barbaachisoo          ta’an         dursaanii qopheeffachuu;
  • Galma agarsiisichaa barattootaaf ifa gochuu;
  • Taa’umsa barattootaa haala hundi waan baratamu arguu danda’anitti mijeessuu/qindeessuu;
  • Seerri of-eeggannoo barattoota hundaaf ifaafi kan mul’atu ta’uu isaa mirkaneeffachu; fi
  • Waan agarsiifame irratti ibsa xumuraa kennuudha.

Mala agaree fayyadamuun haala barnootaa barsiifamuuf kaayyeefatamee sana irratti hundaa’a. Barumsi tokko tokko barsiisaan qofaa akka agarsiisaa ibsu ta’a; takka takka ammoo barsiisaafi barataan waliin kan hojjetan ta’a.

Kanaaf, malli agaree akaakuu lama qaba. Isaanis mala agaree baratamaa (amaleefatamaa)fi mala agaree fooyya’aa jedhamanii beekamu.

a.       Mala agaree baramaa

Mala kana keessatti barsiisaan waan baratamuu qabu agarsiisa. Haalli fayyadama mala agaree akkasii yoo meeshaaleen barnootaa barataa wal hingahu ta’e ykn immoo adeemsa agarsiisaa keessa balaan barattoota mudachuu danda’u yoo beekamedha.

b.      Mala agaree fooya’aa

Mala kana keessatti barattootatu hirmachuun hojjetaa ilaala. Gaheen barsiisaa waan barattoonni raawwatan to’achuufi bakka barbaachisaa ta’etti deggersa kennuudha.

Malli agaree dhaggeefachuu, ilaaluufi hojjechuu of keessaa qaba. Kanaaf, malli agareen barsiisuu barnoota sadarkaa hundaaf mijataa ta’ee, irra caalaa sadarkaa tokkofaa barsiisuuf baay’ee

filatamaadha. Fakeenyaaf, saayinsiin naannoo akkuma maqaa isaa waantota naannoo barattootaa keessa jiran waan barsiisuuf mala agareetti fayyadamuun baay’ee filatamaadha.

Walumaagalatti, malli agareen barsiisuu mata-dureewwaniifi qabiyyeelee dhaggeeffachuu, daawwachuufi/ ykn hojjechuu barbaadan kan akka barnoota jabeenya qaamaa, fakkii kaasuu, akkaataa itti qubee barreessan, qaama biqilootaa, qaama namaafi kkf barachuufi barsiisuuf gargaara. Agareen barsiisuun yaad-hiddamaafi hojii qabatamaa lamaanitti fayyadamuun barsiisuu waan ta’eef mala baruu-barsiisuu gaariidha. Haata’u malee meeshaalee barnootaa, humna baasuufi yeroo dheeraa gaafata.

Text Box: Gocha 3.18: Hojii Garee
Akka gosa barnoota keessaniitti, barnoota kutaa 1-4 keessaa mata duree mala agreen barsiifamuuf mijataa ta’e tokko filachuun mala agaree fayyadamuun barattoota daree keessanii barsiisaa.

3.   Mala Marii Garee

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Mala marii garee qabatamaan jiruu irra oolchuu.
Text Box: Gocha 3.19: Hojii Garee

Hawaasa Oromoo keessatti daboofi jigiin baay’ee beekamoodha. Daboofi jigiin waliin qotatu, haammatu, mana ijaarratu, dhahatu..
1.	Waliin hojjechuun kun maaliif barbaachise?
2.	Waliin hojjechuufi dhuunfaan hojjechuunoo ciminniifi hanqinni isaan qaban maali?
3.	Isin immoo adeemsa baruu-barsiisuu keessatti kanarraa maal barattu?

Barumsi hojii sammuu, qaamaafi qalbiiti. Kanneen immoo qabeenya nama tokkooti. Namni tokkoo ga’umsa (beekumsa, ogummafi qalbii) kan horatu dhuunfaadhaan. Kanaaf, barachuun tattaaffii dhuunfaa barbaada. Haa ta’u malee namni qofaa isaa hinbaratu. Namni yoo walitti dhufe beekumsa, ogummaafi qalbii horate namaaaf dabarsuufi nama irraa argachuu danda’a. Kun immoo barumsa hojii waloo isa godha.

Akkuma Oromoon daboodhaan yeroo hojjetu tokkoon tokkoo nama daboo dhufee hojii dhufeef sana milkeessuuf gahee isaa gumaachu, gareen barachuu keessattis barataan tokko gahee isaa gumaachuu qaba; barataan tokko hojjetee barataan biraa ammoo callisee ta’uu hinqabu. Kanaaf, yeroo barsiisaan garee ijaaru gahee barataan miseensa garee sanaa bahuu qabu ibsuutu irraa eegama. Barataan tokko ga’umsi isaa gahee ramadameef sana bahuufi bahuu dhiisuun iyyaafatama/madaalama.

Mariin garee barattoonni lakkoofsaan 3-6 ta’an beekumsa, muuxannoofi ilaalcha isaanii wal-jijjiiruun dammaqinaan hirmaachuun mala itti baratanidha. Malli marii garee faayidaalee hedduu qaba. Fakeenyaaf, beekumsa haaraa argachuuf, rakkoo hiikuuf, amala gaarii ijaarraachuuf, dandeetii gadi fageenyaan yaaduufi ogummaa dubbii, ofitti amanummaa jabeessuuf, yaada burqisiisuufi namoota amansiisuu akka dagaagfatan gargaara.

Mala marii garee fayyadamuuf barattoota gareen qooduun ni barbaachisa. Barattoota gareen ijaaruun tooftaalee afur qaba. Isaanis:

  1. Ramaddii garee tasaa: Tooftaan garee ijaaruu kun ulaagaa hedduu osoo hinbarbaadiin akka tasa bakka taa’umsa barattootaatiin ykn tarreefama maqaa isaaniitiin garee ijaaruudha.
  2. Ramaddii garee dandeettiirratti hundaa’e: Tooftaan garee ijaaruu kun barattoota dandeettii walfakkaataa qaban waliin gurmeessuudha.
  3. Ramaddii garee walmakaa: Tooftaan garee ijaaruu kun barattoota dandeettiinis ta’e amaloota adda addaa qaban walitti makuun garee ijaaruun waliin akka baratan gochuudha.
  4. Ramaddii garee fedhiirratti hundaa’e: Gareessuun gosa kanaa barattoota waljaallatan, mana jireenyaa/ naannoo tokkotti galanfi waliin oolan bakka tokkotti ijaaruun akka waliin baratan kan itti taasifamuudha.

Tooftaaleen ijaarsa garee kaayyoo barnootaa, dandeettiifi fedhii barattootaa, haala qabatamaa mariin keessatti gaggeeffamuufi kkf irratti kan hundaa’udha. Fakkeenyaaf, barttoonni iddoo adda addaa irraa dhufan akka isan aadaa isaanii walirraa baratan gochuu yoo barbaadne, ramaddii garee

walmakaatti fayyadamna. Yoo immoo akka barattoonni bilisa ta’anii akka barbaadanitti akka yaada waljijjiiran barbaadne, ramaddii garee fedhii irratti hundaa’eetti fayyadamuu dandeenya. Yeroo kana garuu barataa haaraa ykn waltti-dhufeenya barattoota wajjiin hinqabne qofaatti  gatuun waan jiraatuuf barsiisaan keessa galee haala mijeessuuf qaba. Karaa biaammoo marii gaggeessuuf yeroo gahaa hinqabnu yoo ta’e, ramaddii garee tasaatti fayyadamuu dandeenya. Kanaaf, tooftaaleen gareen itti ijaaramu jabinaafi hanqina mataasaa waan qabuuf, barsiisaan tooftaa ittiin hanqina xiqqeessuun kaayyoo barannoo sana ittiin bakka geessisuu danda’u filachuu qaba. Gosti marii gaggeeffamuu garee xiqqaa ykn guddaa keessatti ta’u ni danda’a. Marii garee xiqqaa ilaalchisee barattoonni dhimma tokkorratti marii gabaabaa akka taasisan godhama. Faayidaan marii garee xiqqaa miseensi garee hundi carraa yaada kennuu akka argatuufi barachuu keessatti si’aayinaan akka hirmaatu karaa banaa.

Adeemsa ijaarsa garee xiqqaa

  1. Barattoota garee miseensa 3 – 6 qabu keessatti ijaaruu;
  2. Teessuma barattootaa bifa geengoo ta’een sirreessuu;
  3. Garee barattootaa keessaa nama tokko dura taa’aa ykn qindeessa garee, tokko immoo akka barreessatti akka filatan taasisuu;
  4. Ga’umsa barattootni bira ga’uu malan ifatti itti himuu.Tartiiba raawwii mariif qajeelfama ifaa kennuu;
  5. Tokko tokko barataaf gahee qooduu;
  6. Dheerina yeroo marii murteessuun beeksiisuu;
  7. Marii dhaabsisuun dura gidduu giduutti yeroo hafte beeksiisuun barbaachisaadha.
  8. Itti aansee barataan akka barreessaatti filatame qabxiilee ijoo ta’an qindeessee dareef akka dhiyeessu gochuu.
  9. Tokko tokkoo barataa gaaffilee ga’umsa kennamee waliin deemaniin iyyaafachuu;
  10. Raawwii barattootaa irratti yaad-deebii kennufi
  11. Fooyya’iinsa barataa barreesuu.
Text Box: Gocha 3.20: Marii garee

Kitaaba Saayinsii Naannoo kutaa 4ffaa keessaa ga’umsi barannoo kenname akkas jedha: Xumura barannoo kanaatti barattootni “karoora maatii ni fayyadamu” jedha.
Mee garee walmakaa ijaaruun:
Text Box: 1.	Kaayyoon kun barattoota kutaafi sadarkaa kanarra jiraniif ni ta’a moo hinta’u kan jedhuufi
2.	Waa’ee karoora maatii irratti mari’adhaatii yaada irra geessan barattoota daree keessaniif gabaasaa.

Mala Marii Garee qabatamaan hojiirra oolchuu

Fakkeenya 1:

GBYXGQ: Faayidaa karoora maatii ni ibsuu.

Gocha: Gareen mari’achuu

Qajeelfama

  • Garee ijaarame sanaaf fakkeenya maatii karoora maatiitti fayyadamaniifi hinfayyadamnee kenniif.
    • Ibsa kennameefi muuxannoo qaban walbira qabuun akka mari’atan gochuu.
    • Mala ittiin karoora maatii rawwatan tarreessuu.
    • Faayidaa karoora maatii akka himan gochuu.

Iyyaafannoo.

  • Yeroo barattootni mari’atan keessa deemuun dhaggeeffachuu/daawwachuufi gaaffilee adda addaa dhiyeessuu.

Yaad-deebii

  • Gareen erga mari’atanii booda calaqqee dhiyeessan keessatti garee yaada dogogoraa dhiyeessan adda baasuun qabxii ijoo qabsiisuu.

4.      Mala Marii Paanaalii Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Malli marii paanaalii akkamitti akka hojiirra oolu ni ibsu.

Malli kun marii namoota dhimma marii sanarratti beekumsa, muuxannoofi fedhii olaanaa qaban gidduutti kan adeemsiifamudha. Gareen marii gaggeessaa, miseensotaafi dhaggeeffatoota qaba. Mariin kan gaggeeffamu dhaggeeffattoota waliin yaada walii

5.      Mala Falmii

GBYXGQ: Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti mala falmii hojiirra oolchu.

Nama waliin wal falmitee beektaa? Maal irratti? Ni moote moo ni mo’amte?

Falmiin adeemsifamuuf yaadni ykn dhimmi wal falmisiisu jiraachuu qaba. Namni lama ykn gareen lama yaada tokko deggeruufi mormuun addatti ba’anii yaada kan dhiyeessanidha. Falmiin dandeettii armaan gadii gaafata:

  • Gadi fageenyaan waa xiinxaluu
  • simboo nama amansiisuu
    • Ariitiin yaada faallaa burqisiisuufi fashaleessuu

Yeroo falmiin raawwatu gareen bakka lamatti qoodama. Gareen tokko yaada ka’e sana yoo deggeru, gareen inni biraa immoo faallaa yaadichaa ta’uun yaadicharratti wal-falmu. Gareen lamaanuu dursaa gareefi deggertoota qabu. Falmiin yoo gaggeeffamu seera qabaachuu qaba. Namni seera falmii hojiirra oolchu immoo hoogganaa ykn dura taa’aa jedhama. Innis kan falmicha hoogganu (seera qabsiisu)dha. Gareen lamaanuu yaada ittiin amansiisan bifa qindaa’aa, ifaafi gaarii ta’een dhiyeeffatu.Yaada gareen tokko “eeyyee” jedhu gareen kaan ammoo (lakkii akkas mitii, hinta’au” jedhee yaada dhiyeessa. Falmiin barattootni yaada burqisiisanii akka qindeeffatan gargaara.

Text Box: Gocha 3.22: Hojii garee
Barsiisa! Kitaaba saayinsii naannoo kutaa 3ffaa keessaa mata duree ‘’Gartuulee bu’uura nyaataa’’ jedhu fudhachuun isa kamtu irra caalaa barbaachisaa yaada jedhurratti barattootni gareen irratti akka walfalman gochuun adeemsa falmii keessatti gochaalee raawwatamuu qabaniifi falmii ho’aa gaggeessuufis ga’umsawwan barbaachisan akka hubatan godhi.

Fakkeeny 2: Mala falmii hojiirra oolchuu

GBYXGQ: Barattoonni barbaachisummaa bashannanuu, hojii, qo’annaafi qananii ibsuu ni danda’u.

Gocha:Walfalmii Qajeelfama:

  1. Dursa, barattoonni yaad-rimeewwan qananii, bashannanuu, qo’annaafi hojii akka ibsan waamicha taasisi. Kana booda tokkoon tokkoo barataa fakkeenya qananiifi kan hojii tokko tokko akka dhiyeessan gaafadhu.
  2. Barattoonni sababoota kanneen akka armaan gadii hojiin maaliif barbaachisaa akka ta’e akka ibsan gaafadhu:
    1. Waantota haaraa barachuuf hojjanna.
    1. Galii argachuuf hojjanna.
    1. Kan hojjannu soorata ofiifi nama biraaf qopheessuuf, mana jireenyaa ijaarachuufi kkf.
  • Qananiin barbaachisummaan isaa maaliif akka ta’e barattoonni sababoota akka dhiyeessan gaaffiiwwan kanneen akka armaan gadii gaafadhu:
    • Yeroo qananiis waantota haaraa barachuu dandeenyaa?
    • Haara galfiifi of diddiriirsuun fayya qabeessummaa keenya ni cimsaa?
  • Yaad-rimee walfalmii irratti tokkoon tokkoo garee ejjennoo qabatee irratti falmachuuf waliin adeemsa fudhatamaa qabu akka irra jiraatu barattootatti himi. Kanas fakkeenyaawwaniifi falmiiwwan loojikiitti fayyadamuun qabsiisi.
  • Barattoota daree gareewwan lamatti qooduun ykn yoo barattoonni daree keessa jiran baay’ee ta’an, gareewwan hedduu ijaaruun tokkoo tokkoo gareetiif gahee kennuu.
  • Gaaffii falmii yaadaa armaan gadii gabatee irratti barreessi: “ Qananiifi bashannanuun hojii dalaguu caalaa ni barbaachisaa?”
  • Barattoota gareewwan walfalmii yaada garaagaraa irraa tartiibaan waamuun ejjennoo qabatan irra dhaabbachuun akka walfalmii yaadaa gaggeessan godhi. Tokkoon tokkoo barataa gareewwan falmii yaada garaagaraa yoo xinnaate carraa hirmaachuu al tokko argachuun yaada qabu/du ibsuufi gareewwan kaawwaniif deebii kennuu argachuu qaba/di.
Iyyaafannoo:
  • Gocha kana keessatti, barattoota waamuufi yaad-deebii isaanii xiinxaluun qananiifi bashannanuu akkasumas hojiifi barbaachisummaa tokkoo tokkoo irratti daandeettii fakkeenya kennuu isaanii karaa al kallattiin madaali.

6.      Mala Yaada Burqisiisuu

GBYXGQ: Mata duree haarawaa tokko eegaluun dura mala kana gargaaramuun hubannoo barattootni qaban dursanii sakatta’uu keessatti gahee inni qabu ni dinqisiifatu.

brain storming
Text Box: Gocha3.23: Hojii dhuunfaa
Fakkii armaan olitti argitan irraa maal hubattan?

Kun marii miseensonni daree mata duree ykn rakkoo tokkorratti yaada adda addaa burqisiisuun kennanidha. Barattoonni yaada isaanii dogoggora ta’ullee walaba ta’ani kennuu. Barattoonni yeroo marii’atan, fakii waan irratti mari’atanii akka sammuu isaanii keessa kaayatan gargaara. Kanneen armaan gadii fakii garaagaraa barattoonni sammuu isaanii keessatti yeroo dhuunfaan, cimdiin ykn gareen marii’atan uummatanidha.

Mala yaada burqisiisuu keessatti seeronni hordofamuu qaban afur ni jiru:

  1. Ceepha’uun dhorkaadha. Yaadni sirreeffamuu qabu yoo jiraate dhumarratti ta’uu qaba.
    1. Yaadni kennamu hundi dhugaa ta’ees dhiisees fudhatamuu qaba.
    1. Asirratti baay’ina yaadaatu barbaadama. Yaadni baay’inaan yoo kan kennamu ta’e, furmaata baay’ee keessaa argachuun ni danda’ama waan ta’eef.
    1. Yaada walsimsiisuufi fooyyeesuun jiraachuu qaba. Hirmaattonni yaada isaanii calaqisiisuu qofa osoo hinta’iin akkaataa yaadni nama biroo itti fooyya’uu danda’u irrattillee yaada kennu.

Dhumarratti yaadni namoota hundaan kennamaa ture barreessaadhaan erga dhiyaate booda koreen calallii yaada sirrii ta’eefi hintaane madaaluun adda baasee beeksisa.

Text Box: Gocha 3.24: Hojii dhuunfaa

Barsiisaa! Kitaaba saayinsii naannoo kutaa 4ffaa keessaa mata duree ‘’dhukkuba HIV/AIDS’’ jedhu fudhachuun kaadhimamtootni barsiisotaa waa’ee dhukkuba kanaa hubannoo qaban akka burqisiisan gochuun qabatamaan hojiirra oolmaa mala kanaa akka hubatan taasisi.

Mala Yaada Burqisiisuu

Fakkeenya 3: Miidhaawwan dhibee HIV/AIDS tiin dhufan

GBYXGQ: Miidhaawwan dhibee HIV/AIDS nama irraan ga’u adda ni baasuu.

Gocha:Yaada burqisiisuu Qajeelfama:
  1. Barsiisa! Gaaffii asiin gadii kana kaadhimamtoota barsiisotaaf dhiyeessaa. ”Dhukkubni HIV/AIDS miidhaa akkamii qaqqabsiisa?
  • Yaada kaadhimamtootni barsiisotaa dhiyeessan diddaa tokko malee gabatee gurraacharratti barreessi.
  • Deebii kenname kaadhimamtoota barsiisotaa waliin madaaluun kanneen sirrii ta’aniifi hintaane addaan baasuun cuunfaa isaa dareef ifa godhi.

7.      Mala Gaaffii Fayyadamuun Barsiisuu

Yeroo mana barnootaa keessaatti barachaa turtaniifi ammas barachaa jirtan barsiisonni osoo waa’ee mata duree tokkoo barsiisaa jiranii tasa gidduu gidduutti gaaffii gaafatanii barattoota irraa deebii funaanu. Barsiisonni kun maaliif gaaffii nama gaafatu laata? Faayidaan gaaffii daree keessa maalidha?

Malli gaaffii fayyadamanii barsiisuu kun gaaffii gaafachuufi deebii barataa dhaggeefachuun gaggeeffamudha. Barsiisaan gaafffii gaafachuun barattoonni akka deebisan gochuun qabiyyee adda addaa irratti barattootaaf odeeffannoo dabarsuu danda’a. Mala kana sadarkaa hunda irratti fayyadamuun ni danda’ama. Kan jechuun barsiisonni daree keessattii:

  • osoo barsiisuu hineegaliin waan barattootni kana dura beekaniifi hinbeekne adda baasuuf gaaffi gaafatu.
    • erga barsiisuu eegalanii booda adeemsa barsiisuu keessatti, barattootni ga’umsa yaadame sana hubatanii bira ga’uu isaaniifi hanqachuu isaanii mirkaneefachuuf gaaffii gaafatu.
    • Waliigala xumura barsiisuu irratti ga’umsa yaadame sana barattootni hundumtuu hubatanii bira ga’uu isaaniifi hanqachuu isaanii adda baasuuf gaaffii gaafatu.
    • Barattoonni barumsa adeema jiru sana hagam akka hordofaa jiran beekuufi barattoota si’eessuuf barsiisonni gaaffii gaafatu. Gaaffileen gaafataman irraa caalaa “Maal jechuudha?”, “Akkamiin ykn attamiin?” ykn “Maaliif?” kan jedhamani irratti xiyyeeffatu.
      • Maal jechuudha? Gaaffiin akkasitti gaafataman barattootni akka waa ibsan yoo barbaadameedha. Fakkeenyaaf, gosa barnoota “saayiinsii naannoo” keessatti osoo barsiisuu hineegaliin, gaaffileen jalaqaba gaafatamuu qaban
        • Saayiinsii” jechuuun maal jechuudha?
        • Naannoo” jechuun maal jechuudha?
  • Akkamiin” Gaaffiin akkasitti gaafataman barattootni adeemsa ykn tartiiba taatee tokkoo akka ibsan yoo barbaadameedha. Fakkeenyaaf, jiruufi jireenya keenya keessatti:
    • Xaafii    irraa    kaasee              buddeen              attamitti qophaa’a?
      • Aanann irraa kaasee dhadhaan akkamitti baafama?
      • Barataan     akkamitti                   barnoota                   tokkotti qabxii “A” argachuu danda’a?
  • Maaliif?” Gaaffiin akkasitti gaafataman barattootni sababa ykn hundee taatee tokko akka ibsan yoo barbaadameedha. Fakkeenyaaf:
    • Barataan tokko maaliif qabxii “F” argata?
    • Namni maaliif dhukkubsata?

Osoo baruu-barsiisuun adeemaa jiruu, gaaffileen gaafatamuu qaban:

  1. Waan barsiifamaa jiru keessaa ta’uu qabu.
  2. Barattoota hedduu kan hirmaachisan ta’u qabu.
  3. Hubannaa barattoota kee tilmaamuuf, gaaffii banaafi gaaffii deebii gabaabaa qabu gaafadhu.

Osoo baruu-barsiisuun adeemaa jiruu giduu-gidduutti barattoota gaaffilee gaafachuun faayidaalee armaan gadii qaba.

  1. Barattoota akka isaan yaadan kakaasuuf,
    1. Rakkoo barachuu barattootaa sakatta’uuf,
    1. Fedhii barattoota adda baasuuf,
    1. Barattoota deggeruuf,
    1. Barattootni si’aayinaan akka baratan jajjabeessuu,
    1. Barattootni xiyyeeffannaa akka baratan harkisuuf. Barsiisaan gaaffiitti yemmuu fayyadamuu:
  2. Barattoonni akka irratti yaadan yeroo gahaa (akka qorannoon agarsiisutti sekoondii hanga daaqiiqaa kennuufi qaba.
  3. Barataan shakkii malee deebii sirrii yoo kenne, galateeffatee gara mata-duree itti aanutti darbuu qaba. Garuu baay’isee dinqisiifachuu hinqabu.
  • Barataan shakkiidhaan deebii sirrii yoo argate, ibsa dabalataa kennuun shakkiisaa irraa bilisa taasisuu qaba.
  • Barataan tokko deebii sirrii guutuu hinta’iin yoo kenne, barataadhumti sun deebii guutuu akka kennu irra deebi’uun akka isaa galutti gaafachuu qaba.
  • Barataan barnoota isaaf xiyyeeffannoo hinkennine tokko barattoota kofalshiisuuf jecha deebii hintaane yoo kenne, irra deebitee isa/ishee hingaafatiin. Gaafficha barattoonni warri kaan akka deebisan godhi.
  • Barataan ofitti amanamummaa hinqabne deebii sirrii hintaane yoo kenne, gaaffiidhuma sana barattoota biroo hingaafatiin, ofuma keetii ibsa irratti kenni. Gaafficha barattoota biroo gaafatee jennaan yoo deebisan ofitti amanamummaan isaa caalaatti gad bu’a waan ta’eef.
  • Yeroo tokko tokkoo gaaffii gaafatamee barattoonni daree keessa jiran hundi deebisuu didu/dadhabu. Yeroo kana barsiisaan gaaffii sana irra deebi’ee madaaluun akka barattootaaf galuu danda’utti irra deebi’ee jechootaafi hima salphaa ta’aniitti fayyadamuun gaafachuu qaba.

8.       Mala Diraamaa Fayyadamuun Barsiisuu

Kun barattootni daree keessatti fuulduratti bahanii kan hojjetanidha. Kunis tapha gabaabaa, diraamaa ta’uu ni danda’a. Jalqabarratti barattootni waan ta’e tokko daawwattoota fuulduratti agarsiisu. Gochi raawwatamu kan tasa ykn itti yaadamee raawwatamu ta’uu ni danda’a. Dhimmi irratti diraamaan hojjetamu dhugaa ykn yaad-uumee ta’u ni mala.

Barattoota tuttuqqiin barachuun filannoo isaanii ta’eef diraamaan karaa humna qabeessa beekumsa ofitti fudhatanii (dhagna godhatanii)fi hubatanidha. Diraamaan sochii qaamaa qofaan ergaa dabarsuu (miming)fi raawwachuu (acting) jedhamuun bakka lamatti qoodama.

  • Miming” bifa diraameessuu kanaa keessatti taatonni sagalee malee sochii qaamaa qofaan yaada/ergaa dhaggeeffattootaaf dabarsu.
  • Gocha raawwachuu”Acting”: Kana keessatti taatonni yaada waljijjiiruun ykn wal- falmuunfi sochii qaamaa walitti qindeessuun yaada ykn ergaa barbaadamu dhaggee ffatootaaf dabarsuu of keessaa qaba.

Fakkeenyaaf, barattotni muraasni akka jaarsa biyya, abbaa seerra, poolisiifi nama badii dalage dhugaa dhokse tokko ta’ani draamaa hojjechuun waa’ee naamusaafi serraa baruu barsiisuu ni danada’u.

9.       Mala Gahe Taphachuu Fayyadamuun Barsiisuu

Gahee taphachuu jechuun amala nama tokko fakkeessuun bakka namaa bu’anii taphachuu jechuudha. Gahee taphachuun itti yaaduun ykn beekaa gahee barattootni taphachuu malan qopheessuun daree keessatti agarsiisuudhaan kan irraa baratamuudha. Kun waan haawasa keessatti raawwatamu tokko taphatoonni battalumatti muuxannoo isaaniirraa ka’uun uumanii kan taphatan dha ykn dirameessandha. Fakkeenyaa: waa’ee sirna Gadaa barsiisuuf, barataan tokko akka Abbaa Gadaa ta’e hojjechuu ni danda’a. Seera eegsisuu keessatti barataan tokko gahee Abbaa Seeraa, barataan biroo gahee Abbaa Alangaa, kan biroo gahee poolisii, kan biroo ammoo gahee hattuu taphachuun diraamaa hojjechuu ni danda’u. Gochaa kana keessatti barataan Abbaa Seeraa ta’e hojjetu dhuguma Abbaa Seeraati jechuu miti. Garuu amala Abbaa Seeraa bakka bu’ee agarsiisa malee. Akasumas, barataan ga’ee nama shakkamaa ta’ee hojjetu dhuguma balleessaa osoo hintaane amala , fakkeenyaaf nama hate tokkoo qayyabatee akka irraa barataniif agarsiisa malee barataan sun hattuudha jechuu miti.

Gahee taphachuun barattoonni taphachaa akka baratan gochuudha. Innis itti yaaduun ykn beekaa gahee qopheessuun daree keessatti agarsiisuudhaan kan irraa baratamuudha. Kun waan hawaasa keessatti raawwatamu tokko taphatoonni batalumatti muuxannoo isaaniirraa ka’uun uumanii kan taphataniidha. Haat’au malee mala diraamaa irraa adda addummaa ni qaba. Kunis gahee taphachuun waan barreeffamaan dursee qophaa’uufi qo’aatamu hinqabu. Gahee taphachuun kan gaggeeffamu yoo barataa ykn garee barattootaa daree keessa jiraniif gaheen taphatan kennameefiidha. Hawaasa keessatti barattoonni gahee abbaa manaafi gahee haadha manaa akka taphatan gochuu ni dandeessa. Malli gahee taphachuu ija nama birootiin dhugaa jiru argu ykn hubachuu dandeessisa. Gahee taphachuu keessatti taphattootaafi daawwattootaatti jira. Warri taphatan hojjechaa baratu waan ta’eef amma danda’amaa ta’eetti barattoonni baay’een akka tapha keessatti qooda fudhatan gochuun barbaachisaadha.

Gahee taphachuu keessatti barsiisaan:

  1. Ijoollee fedhii qaban filachuu;
  • Warri filatman gahee isaanirraa eegamu hubachuu isaanii adda baafachuu;
    • Daawwattoonni akka sirriitti hordofan itti himuun jalqabsiisuu;
    • Warri taphatan sirritti hojjechuu isanii hordofuu;
    • Erga taphattoonni fixanii booda maal akka irra barataniifi waan sirreeffamuu qabu daawwattoota gaafachuu fi
    • Yaada waligalaa keenuu.

Walumaagalatti gahee taphachuufi diraamaa qabiyyee walxaxaa hintaaneef fayyadamna. Gahee taphachuun karaa nama gammachisuu danda’uun barattoota jireenya gara fuulduraatiif kan qopheessudha. Haata’u malee barattoonni akka taphaatti fudhachuu waan danda’aniif itti himuun barbaachisaa ta’a. Karaa biraatiin immoo gahee taphachuun yeroo dheeraa fudhachuu danda’a. Kanaaf, barsiisonni qabiyyee barnootaa, dandeettiifi fedhii barattooaa, yeroo qabaniifi kkf ilaalcha keessa galchuun gahee taphachuufi diraamaatti fayyadamuu danda’u.

Haal-dureewwan Gahee Taphachuuf Barbaachisan

  1. Barattoonni daree keessa jiran dhimma ykn rakkoo baratamu tokkorratti fedhii walfakkaatu/walitti dhiyaatu qabaachuu qabu.
  2. Hirmaatonni gahee taphatan waan taphatan sanarratti hubannoo qabaachuu qabu.
  3. Akka barumsaatti malee akka bashannanaatti ilaalamuu hinqabu.
Text Box: Gocha 3.25: Hojii Garee

Barsiisaa! Kaadhimamtoonni barsiisotaa gareen ta’uun garaagarummaafi wal-fakkeenya mala diraamaafi mala gahee taphachuu gidduu jiru qabatamaan hojjechuun akka agarsiisan taasisi.
Fakkeenya gahee taphachuu
  1. Gahee hojii miseensota maatii (abbaa, haadhaafi ijoollee) daree keessatti agarsiisaa.
  2. Namoota wal dhaban akkamitti jaarsummaan akka walitti araarsan gahee taphachuun agarsiisaa.

Kana malees, afaan lammaffaa barsiisuu keessatti fakkeenyaaf, Afaan Ingiliziifi Afaan Amaaraatiin ykn kan biraan fayyadamanii bittaafi gurgurtaa gaggeessuufi bilbilaan haasa’uu mala gahee taphachuutti fayyadamuu dandeenya.

10.    Mala Rakkoo Hiikuu Fayyadamuun Barsiisuu

Text Box: Gocha 3.26: Hojii Garee
1.	Rakkoon maali?
2.	Rakkinni akkamitti hiikama?
3.	Mala rakkoo hiikuu fayyadamuun akkamitti barattoota barsiisuun danda’ama?
Gaaffilee armaan olii irratti gareen mari’achuun yaada irra geessan barattoota daree keessaniif dhiyeessa.

GBYXGQ:           Mala rakkoo hiikuu fayyadamuun barsiisuu.

Mala rakkoo hiikuu jechuun adeemsa gochaa ta’e waan beeknu irraa kaanee waan hinbeekne kalaquu hammata.

Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti gufuu nama qunnamu keessa darbuun akkas ta’uu danda’a jennee mala dhahuu, waan ta’uu ni danda’a jenne ammoo yaaliin mirkaneessuu, tilmaamuufi furmaata gaha laachuu danda’uudha.

Malli rakkoo hiikuu kanneen adeemsa armaan gadii hammata. Isaanis:

  1. Rakkoo adda baasuu
  2. Odeeffannoo walitti qabuu
  3. Yaada furmaata ta’uu danda’u yaaduu (mala dhawaa qopheessuu)
  4. Mala dhawaa lafa keenye yaaluu (ragaan mirkaneessuu ykn fashaleessuu)
  5. Yaada furmaataa (maladhawaa rakkinichaa waliin hindeemne dhiisuun hanga rakkinichi furamutti kan biroo irra deddeebi’uun yaaluu. Sababa kanaaf malli kun mala irra deddeebi’anii yaluufi dogoggora irraa barachuuti.
  6. Beekumsa haaraa maddisiisuu

Barattoonni rakkoof furmaata kennuu keessatti akka baratan jajjabeessa. Kun dhuunfaan ykn gareen hojjetamuu danda’a. Malli rakkoo hiikuu faayidaale adda addaa qaba.Malli kun barattootni barachuu isaaniitiif itti gaafatamummaa akka fudhatanfi rakkoo hiikuuf tarkaanfiifi furmaata filanno qabeessa akka burqisiisan gargaara. Barattootni beekumsaa haaraa horatan jireenya qabatamaa keessatti akka fayyadamaniifi akka yaada sadarkaa ol aanaa burqisiisaniif carraa bana.

Text Box: Gocha 3.27: Hojii Garee
GBYXGQ kenname “Bakka meeshaaleen ammayyaa bishaan qulqulleessuuf fayyadan hinjirretti, bishaan booruu qulqulleessanii ni dhugu’’ kan jedhu, ibsa mala rakkoo hiikuu armaan olitti kenname bu’uureffachuun haala qabatamaan dandeettii rakkoo hiikuu adeemsa baruu-barsiisuu keessatti hojiirra ooluu danda’u hubachuuf haala kamiin bishaan booruu qulqulleessuun dhugaattif fayyadamuun akka danda’amu mala rakkoo hiikuutti gargaaramuun mala dhahaa. Mala irra geessan barattoota daree keessaniif dhiyeessaa.

10.   Mala Pirojeektii Fayyadamuun Barsiisuu

Pirojeektii jechuun maal jechuudha?

Mala pirojeektiitti fayyadamuun akkamitti barattoota basiisuun dana’ama? Hojii pirojeektii irraa barattootni maal baratu?

Pirojeektii jechuun yaad-rimee barannoo tokko irratti hundaa’uun barataan tokko ykn gareen barattootaa yeroo dheeraa fudhatanii hojii qabatamaa hojjetanii ykn homishanii kan agarsiisandha. Sadarkaa tokkoffaa keessatti, pirojeektiin barattoota barsiisuuf kennamu qaban gar-caalaa hojii waantota naannoo (waraqaa, baala, biyyoo, muka, hoffaa, haphee, daraaraa, bishaan, kkf) fayyadamuun fakkii, poosterii, chaartii, meeshaalee adda addaa qabatammattii qopheessuu of keessatti hammata. Hojii pirojeektii keessatti yaadni bu’uura waliigalaa pirojeektiin irratti hojjetamuu malu sun ifaa ta’uu barbaachisa. Yaadni pirojeektii yoo ifa ta’e, barattoonni akka gaariitti yaadanii waa ijaaruu akka danda’an jajjabeessa. Mala pirojeektiitti fayyadamanii barsiisuun uumamaafi jireenya barattootaa waliin kan walqabateedha. Hojii pirojeektii keessatti barattoonni qaama adda addaa iyyaafachuun odeeffannoo qindeeffatanii rakkoof furmaata kan barbaadaniidha.

Adeemsa hojii pirojeektii keessatti barattoonni waan hedduu baratu. Kana jechuun waan barattoonni xumura irratti hojjetanii agarsiisan (bareedaa ykn fokkisaa) osoo hintaane, adeemsa pirojeektii sana keessatti waan isaan hojjetanii baratanitu irratti xiyyeefatama. Sababni isaa, barattootni yoo pirojeektii hojjetan ogummaa, beekumsaafi ilaalcha walsimsiisanii fayyaadamu jechuudha. Kanaaf hojiin pirojeektii ga’umsa ykn dandeettii barattotaa daraan cimsa. Fakkeenyaaf

“suphee ykn biyyee irraa distii qopheessaa torban har’aa fidaa” jedhee hojii pirojeektii kennuufii danda’a.

Adeemsa hojii pirojeektii hunda keessattii barattoonni kanneen armaan gadii barachuu danda’u.

  • Akkaataa qofaa ofii ofitti amanani dhuunfaan waa hojjetan
    • Akkaataa namoota waliin hojjetan
    • Hojii nama biroo jajuu danda’uu
    • Hojii tokko hojjechuuf itti gaafatamummaa fudhachuu danda’uu.
Text Box: Gocha 3.28: Hojii Garee
Barnoota saayinsii naannoo kutaa 4ffaa keessatti ga’umsi barannoo kenname “Biqiloota, biqiltoota xixiqqoofi mukkeen gurguddootti ni ramadu” jedha.
Mata-duree kana bifa pirojeektiitiin barsiisuuf barattootni gareedhaan dirree deemuun gareen tokko iddattoo biqiloota xixiqqaa, gareen biroo ammoo iddattoo(damee, baala)mukeen gurguddoo fiduun addaan qoodanii maqaa isaanii haa barreessan. Biqiloota adda addaa gareen fidan dareef ibsuun marii haa geggeessan. Adeemsa marii gaggeeffamu keessatti barsiisaan hubannoo barattootaa sakatta’uun deggersa kenna.

11.   Mala Daawwannaa Dirree Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Barnoota daree keessatti yaad-hiddamaan baratame qabatamaatti daawwii dirree fayyadamuun ni barsiisu.

Daawii jechuun maal jechuudha?

Waa daawwachuun maaliif  barbaachisa? Waantota naannoo keenyaa akkamitti daawwanna?

Dawwii dirree fayyadamanee attamitti barattoota barsiifana?

Dhalli nama erga uumamee eegalee naannoo issa daawwachaa odeeffannoo argate dhaloota dhalootatti dabarsaa as ga’e. Daawwannaan mala odeeffannoo naannoo keenyaa irraa itti funaanudha. Meeshaaleen uumamaan odeeffannoo funaanuuf namaaf kennaman immoo qaama- miiraa shanandha. Dabalees daawwannaaf meeshaaleen hammayya saayinsaawaa ta’an ni jiru. Egaa daawwiin mala saayinsaawaa keessaa isa tokko. Mala daawwii fayyadamuun barattoota

keessumaa barattoota sadarkaa tokkoffaa waantota beekamoo naannoo isaanii qaam-miiraa shananiin (ijaan ilaaluun, gurraan dhaggeeffachuun, funyaaniin funfachuun, harkaan ykn coraan tuttuquun, arrabaan dhamdhamuun dareen alatti gara dirree baasuun barsiisuun faayidaa guddaa qaba. Malli kun dandeettii saayinsii barattotaa ijaara.

Walumaagalatti, mala daawwii dirree fayyadamuun yemmuu barsiifnu barattootni mata duree tokko irratti gara dirreetti deemanii odeeffannoo funaanu.

Mala kana keessatti barattootni dareedhaa bahanii moraa mana barnootaafi nannoo mana jireenyaa isaanii waantota jiran fakkeenyaaf akaakuu lubbu qabeeyyii:biqiloota, bineeldotafi ilbisoota; akaakuu lubbu dhabeeyyii: dhagaa, biyyee, bishaan, qilleensafi kkf qabatamaan daawwatanii kan itti barataniidha. Dabalees naannoo

12.   Mala Si’aayinaan Dhaggeeffachuu Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Gahee si’aayinaan dhaggeefachuun raawwii barnootaa keessatti qabu ni himu.

Barattoonni erga mala ibsaan dhaggeeffatanii baratanii booda waan dhaggeeffatan keessaa gochaalee adda addaa kennuun ykn gaaffilee adda addaa gaafachuun kan gaggeeffamuu

danda’udha. Barattoonni akka sirriitti si dhaggeeffataniif wanta dhaggeeffatan keessaa dhuma irratti battalleen akka jiru ykn barataa gaaffii deebisuuf badhaasni kennamu akka jiru beeksisuudhaan dhaggeefachuu isaanii si’ataa taasisuu ni dandeessa.

  1. Mala Tapha Afuuffee Pilaastikii Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Mala tapha afuuffee fayyadamuun barannoo ni barsiisu.

Afuuffee pilaastikaa fayyadamuun barattoota barsiisuun akkamiitti danda’ama?

Gaaffii kana deebisuuf qubee Afaan Oromoo barsiisuuf akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Qajeelfama: Qajeelfama armaan gadii hordofuun qubee Afaan Oromoo mala tapha afuuffeetiin barsiisuun ni danda’ama.

  1. Qubee Afaan Oromoo mala tapha afuuffeetiin barsiisuuf afuuffee baayina qaubeen afuufuun qilleensaan guutuu barbaachisa.
  2. Qubee tokko afuuffee tokko irratti barreessuu.
  3. Barattootni 5 marsaan haa dhaabbatan.
  4. Afuuffee qubeen “A” irratti barreeffame barattoota shanan gidduutti ol darbachuu.
  5. Yeroo kana barattootni shanan sagalee isaanii ol kaasanii “A” jedhanii waamu. Irraa deebi’anii akka sagalee isaanii ol kaasanii ammas “A” jedhanii maqaa qubee haa waaman.
  6. Tapha kana keessatti gochi ijoon akka afuuffeen osoo lafa hinbu’iin qilleensa irra akka turu gochuudha.
  • Barattootni yeroo xiqqoof afuuffee qubeen “A” irratti barreeffame osoo lafa hinbuusiin haa taphatan. Osoo barattootni afuuffee qubeen “A” irratti barreeffame taphachaa jiranii, afuuffee qubeen “B” irratti barreeffame barattoota shanan gidduutti itti dabaluun darbachuu. Yeroo kana barattootni maqaa qubee “B” sagalee ol kaasanii haa waaman.
  • Haaluma kanaan qubeewwan kanneen hafan tokko tokkoon itti dabaluun akka barattootni maqaa qubee isa dabalamee sana sagalee ol kaasanii waaman gochuu. Yeroo qubeen baay’ataa dhufu barattootni maqaa qubee sagalee olkaasanii waamu. Dabalees afuuffeen tokko illee akka lafa hinbuune godhu. Gara dhumaatti keessaa taphi baay’ee ho’aa deema jechuudha.
  • Yoo afuuffeen tokko lafa xuqe taphini ni dhaabata. Hata’u malee gareen biroo tapha kana itti fufuu ni danda’a.

Malli kun akka barattootni osoo taphatanii baratan gargaara. Kana jechuun barattoota osoo isaan taa’anii itti himuu irraa isaanis keessatti hirmaatanii taphachaa yoo baratan irra itti tola. Qubeewwanis osoo hincinqamiin adda baasu danda’u. Malli tapha afuuffeen fayyadamuun barsiisuu kun jechoota, himafi jechoota hima keessa jiran, herrega, saayinsii naannoo barsiisuun ni danda’ama.

14.   Mala Yaaliitti Fayyadamuun Barsiisuu

Waa yaaltee beektaa?

Yaalii jechuun maal jechuudha?

Yaalii (Afaan Ingliziitiin “experiment” kan jedhamu sana) jechuun adeemsaa daawwii haala murtaa’e (to’atamaa) keessatti geggeeffamudha. Yaaliin mala dha’icha ykn yaada ta’e tokko dhugaa ta’uu isaa karaa itti mirkaneeffatamuha. Fakkeenyaaf, namni tokko tokko ifti aduu guddina biqilootaaf ni barbaachisa jedhee amana. Namni kaan ammoo lakkii ifti aduu guddina biqilootaaf hinbarbaachisu jedhe falamuu danda’a. Isiniif yaadni sirriin isa kami?

Yaada isin qabdan sirrii ykn dhugaa ta’u isaa qabatammatti agarsiisuun akkamiin mirkaneessitu? Gareen lamaanuu kallattiin itti yaadan isaniif dhugaadha. Garuu dhugaan ammoo tokko qofa.

Kanaaf, yaada faallaa lamaan kana keessa kan dhugaa ta’e mirkaneeffachuuf falli isaa yaalii geggeessuudha. Fakkeenyaaf, yaalii baaqelaa biqilchuu fudhachuu dandeenya. Ija baaqela lama Xuwwee (xaasaa ) adda addaa lama keessatti biqilchina. Baaqelaa tokko bakka aduu akka gaariitti argatutti biqilchina. Baaqelaa isaa lammaffaa ammoo bakka aduu argachuu hindandeenyeetti (bakka dukkana keessatti) biqilchuudha. Yaalii kana keessatti haalli baaqelaan lamaan itti biqilfaman hundumti (akaakuu biyyee, bishaan, qilleensifi meeshaan) wal fakkaachuu qaba. Kana egaa, yaaliin daawwii haala murtaa’ee ykn to’atamaa jalatti (haallii hundumtuu wal fakkaataa ta’anii qabattoo tokko qofaatu adda ta’a) geggeeffama kan jedhamuuf.

Baaqela isa ifaa aduu keessatti biqilee guddateef isaa dukkana keessatti akka guddatu taasifame yeroo murtaa’ee booda wa bira qabuun ilaaluun dhugaa jiru adda baafachuun ni danda’ama. Firii yaalii kana oduun himuun nama rakkisa. Kanaaf, qabatamaatti hojiin yaalii kana hojjetanii ilaaluun of amansiisuun barbaachisadha.

Walumaagalatti, odeeffannoon gurraan dhagahamu salphaatti kan irraanfatamu ta’u isaa hayyuun barumsaa “Confucius” jedhamu waggaa 2400 dura yaada bu’ureesseen addeessee jira. Innis:

“Waanan dhaga’e, nan irraanfadha, Waanan arge nan yaadadha, Waanan hojjedhe, nan hubadha.”

Adeemsa yaalii keessatti dura duuba yaalii sanaa hubachuu, xiyyeeffannaan daawwachuufi firii yaalii yeroo yerootti galmeessuufi xiinxaluu barbaachisa.

Text Box: Gocha 3.32: Hojii Garee
Ashaboo (soogidda) bishaan keessatti bulbulame deebisanii argchuu ni danda’ama moo hindanda’amu? Namoonni gareen tokko deebisanii argachuun ni danda’ama jedhanii amanu ta’a. Namoonni gareen kaan ammoo deebisanii argachuun hindanda’amu jedhanii falmuu danda’u. Gareen lamaanuu kallattii itti yaadaniin sirriidha jedhanii amanuu danda’u. Garuu dhugaan qabatamaan jiru tokko qofa.
1.	Mee dhugaa jiru mirkaneessuuf tartiiba yaalii adeemuu qabuu irratti gareen mari’adhaatii barreessaa.
2.	Akkaataa ashaboo bishaan keessatti bulbulame deebisnee argchuu dandeenyu yaalii qabataamaan mirkaneessa. Waantotni yaalii kanaaf barbaachisan: ashaboo, bishaan, qadaaddii biira (qorkii)fi shaamma
3.	Yaalii keessan daree keessatti agarsiisaa.
  1. Mala Gooldi Fiish Boowul Fayydamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Mala gooldii fiish boowul fayydamuun barannoo ni barsiisu.

Gooldii fiish boowul jechuun maali?

Maqaan gooldi fiish boowul (Afaan ingliziitiin Goldfish bowl) jedhamu kun kan madde qurxummii halluu warqee qabdu irraati. Bowl jechuun ammoo yemmuu qurxummii kana manattii akka fayaattii ittii fayyadaman harkee qurxummiin halluu warqee kun keessa teessu jechuudha.

Gooldii fiish boowul mala baruu-barsiisuu keessa tokko ta’e tooftaa marii garee itti xiinxaluufi fooyyeessuuf gargaaruudha. Malli kun marii garee ta’ee daawwattoota dhimma tokko irratti xiyyeeffatan baay’ee hirmaachisa.

Malli gooldi fiish boowul baruu-barsiisuu keessatti akkamittiin hojiirra oola?

Mala baruu-barsiisuu kana keessatti gareen barattootaa (4 ykn 5) ta’an marsaa gidduu yoo taa’aan barattootn hafan ammoo kanneen gidduu taa’an sana marsanii taa’u. Gareen gidduu marsaan taa’an gooldii fiish jedhamu, gareen kanneen gidduu marsanii taa’an ammoo boowul jedhamu. Bakka marsaa barattoota gidduu taa’an sana barcumni tokko itti yaadamee duwwaa hafa. Barcumni kun barattoota kanneen marsanii taa’an keessa barataan/tuun tokko yoo marii sanatti makamuu barbaade/barbaadde carraa kan kennudha.

Yeroo mariin mala gooldii fiish boowul geggeeffamu gareen marsaa gidduu dhimma kenname sana irratti marii ho’aa geggeessu. Barsiisaan kaardii ulaagaalee mariin sun ittiin xiinxalamu kanneen marsanii ta’aaniif kennu. Kanneen marsanii taa’an ammoo ni dhaggeeffatu, marii  deemaa jiru xiinxaluun kaardii ulaagaalee qabu sana irratti yaada qaban barreessuun gabaasu.

Gareen gidduu marsaanii taa’an falmii osoo wal irraa hinkutiin yeroo murtaa’eef itti fufu. Barataan marsaa gidduu keessaa kan dubataa ture kanneen marsaa alaa keessaa filachuun bakka bu’ee akka itti fufee dubbatu affeera.

Yookan ammoo garee marsanii taa’an keessaa barataan ka’ee kanneen marsaa gidduu keessa jiran bakka bu’ee dubbachuu yoo barbaade ka’eey nama bakka bu’uu barbaadu sana tuquun kaafatee bakka bu’uun mariin itti fufa. Haluma kanaan kan biroos itti fufuun hanga dhumaattii falmicha geggeessuu jechuudha.

Mariin kun kan xumuramu yoo kanneen marsaa gidduu ni ga’a jedhani. Xumura irratti barattootni marsanii dhaggeeffachaa turan haala mariin sun itti deemaa ture jabina, hanqinaafi waan irraa baratan yaada gabaasu.Malli gooldii fiish boowul mala si’aayinaan barachuu jajjabeessu keessa isa tokko. Malli kun mata duree baay’ee wayitaawaa ykn belbeltuu ta’an irratti marii’achuuf garagaara.

Malli gooldii fiish boowul mala falmii waliin xiqqoo walfakaata. Haa ta’u malee garaagarmmaa ni qaba. Kunis Malli gooldii fiish boowul kun dhimma tokko irrattii yaadaa kallattii adda addaa dhiyeessuu yoo ta’u, falmiin garuu gar-caalaa yaada faallaa ta’an (gareen tooko siirrii dha jedhee yoo falmu, gareen biroon ammoo lakkii sirrii mitii jedhe yaada sana kan falman) jehdanii yaada dhiyeessu.

Faayidaan mala gooldfiish boowuli barattoota hundumaa hirmaachisa. Kanaaf, daree barattoota heduutiif filatammadha. Dabalees barataa dubbatu/dubbattu tokko irratti xiyyeeffachuu irraa bilisa.

Text Box: Gocha 3.33: Hojii Garee
Saayinsii naannoo kutaa 3ffaa keessatti ga’umsi barannoo kenname “hojiifi bashannanaaf yeroo ramadame ni fayyadamu” jedha.
1.	Barattootni 5 fedhii isaanitiin ykn filatamani gidduu daree marsaan haa taa’an. Barattootni hafan ammoo isaan gidduu kana marsanii haa taa’an.
2.	Mala gooldi fiish boowul fayyadamuun dhimma kana irrattii gareen barattoota shananii irrattii yaada haa dhiyeessan. Barattootni hafan ammoo haa dhaggeeffatan, yaada dhiyaatu haa xiinxalan.
3.	Xumura irratti yaada waliigala dhimma kana irratti haa gabaasan.

16.   Mala Gaaffii Qomaaa Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Akka mala si’aayinaan barachuu tokkootti faayidaa mala kanaa madaaluu.

Kun ogeessa ykn keessummaa gosa barnootaa/qabiyyee ati barsiiftu irratti hubannoo ol’aanaa qabu afeeruun kan adeemsiifamudha. Keessummaa akka afeertu dursii barattoota keetti beeksiisuun gaaffiilee keessumicha gaafachuu barbaadan sirriitti qopheessanii akka dhufan taasisi. Akkuma keessumichi qaqqabeen waa’ee ogummaa isaa akka ibsu taasisi. Itti aansuunis barattoonni gaaffilee qomaa bal’inaan akka dhiyyeessan godhi.

Fakkeenya 5: Mala gaaffii qomaa fayyadamuu

GBYXGQ: Barattoonni dhiibbaawwan HIV/Eedsiin hawaasa irraan gahu haala quuqama  namoota HIV/Eedsii wajjiin jiraataniif qabuun ni agarsiisu.

Gocha:Gaaffii qomaa keessummaa wajjiin gaggeessuu

Qajeelfama:
  1. Keessummaan mata duree irratti afeerame ilaalchisee ibsa gabaabaa akka kennu taasisi.
    1. Barattootni gaaffilee qaban akka gaafatan taasisi. Fakkeenya, gaaffilee dhiyaachuu danda’anii:
  • Miidhaawwan HIV/Eedsiin namoota dhuunfaa, maatiiwwaniifi hawaasa irraan gahe maal fa’i?
    • Namoota HIV/Eedsii waliin jiraatan haala addaatiin keessummeessuu qabnaa?
    • Namoota HIV/Eedsii waliin jiraatan akkaataa kamiin haala addaatiin keessummeessuu qabnaa?
    • Namoota HIV/Eedsii waliin jiraatan haala walfakkaatuun keessummeessuu qabnaa?
Iyyaafannoo:
  • Akkaataa namoota HIV/Eedsii qaban keessummeessuu qabnu ilaalchisee akkaataa barattoonni yaada itti gumaachaniifi hubannoo isaanii itti gabbifatan xiinxali.

17.  Mala ICT Fayyadamuun Barsiisuu

Mala baruu-barsiisuu salphaatti ibsuuf, barattoonnii hojii/assaayimantii kennameef koompiitara/bilbilla harkaa fayyadamuun intarneetii keessaa odeeffannoo barbaaduun hojii isaanii akka xumuraniifi akkasumas barreeffama barsiisaan qopheesse akka dubbisan Neetwoorkii koolleejii/yuunivarsiitii tajaajila intarneetii wajjiin walqabsiisuun barattoonni akka irraa baratan kan itti taasiifamudha.

Mala baruu-barsiisuu sirnaan hojiirra oolchuuf iyyaafannoo gaggeessuu keessatti teknooloojiitti fayyadamuun hanqina humna namaa fura. Sababni isaatiis, odeeffannoo haaraa barannoo keessa galchanii barsiisuuf, iyyaafannoo gaggeessuun qabxii barattootaa galmeessuuf, yaad-deebii kennuuf akkasumas hanqina hojii barataa tokko tokkoo haala duub-deebichaatiin fooyyessuuf hojjetamufi kkf keessattti ICTiin gahee guddaa qaba. Haa ta’u malee tekinooloojiitti fayyadamuuf barsiisonni tekinooloojii qunnamtii odeeffannoo irratti dandeettii bu’uuraa qabaachuu qabu. Akkuma beekamu yeroo ammaa kanatti tekinooloojiin baay’ee babal’achuu isaarra kan ka’e moobaayiliin harkaa bal’inaan hojiirra oolaa jira. Kanaafuu adeemsa baruu-barsiisuu keessatti karaa salphaa ta’een itti gargaaramuun ni danda’ama.

Text Box: Gocha 3.34: Hojii dhuunfaa
Barsiisa! Kaadhimamtoota barsiisotaa keetiif mata duree tokko kenniifii moobaayilii harka isaaniirra jirutti gargaaramuun interneetii fayyadamamanii gaaffii gaafatameef deebii isaa daree keessatti akka dhiyeessan taasisi.
  1. Mala Garee Jiigsaawoo Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Mala jigsaawaa fayyadamuun barannoo barsiisuu.

Jigsaawoo jechuun maal jechuudha?

Mala kana akkamitti barattoota barsiisuuf fayyadamna? Faayidaaleen mala garee jigsaawoo maali laata?

Malli jigsaawoo jedhamu kun mala barattootni ofii isaaniin walgargaaruun akka baratan kan fayyadu keessaa isa tookodha. Malli kun kan fayyadu barannoo tokko odeeffannoo xixqqaa hedduu yoo of keessatti qabbatedha. Mala kanatti fayyadamuun barnoota tokko barsiisuuf adeemsa armaan gadiitu hordofama.

  1. Barsiisonni barattoota garee gareettii qindeessu.
  2. Gareen adda addaa yaada ykn mata duree addaa irratti mari’ata .
  3. Miseensota garee tokko keessaatiif hojii adda addaa dhuunfaatti odeeffannoo muraasa funaanuu irratti akka xiyyeeffatan kennamaaf.
  4. Miseensonni garee tokko keessaa ergaa marii isaanii xumuratani yaada isaanii qindeeffatanii booda, garee isaanii diiganii gara garee birootti faca’uun miseensa garee biraatti makamu. Kana jechuun miseensi garee kanaa hundi mata duree mariif isaanii kenname irrattii ogeessa “eksipeertii” ta’uun tajaajilu. Sababni isaas tokkoon tokkoo miseensaa garee booda garee biroo bira deemee waan gareen isaa/ishee marii’aachaa turee garee itti makaniif ibssuun waan irraa eegamuuf.
  5. Barattoonni garee haaraa ijaaran hundumtu gree isaanii duraa irra odeeffannoo haaraa qabatanii dhufu jechuudha. Kana jechuun miseensonni garee isa duraa keessa turan odeeffannoo garee isaanii irra gara garee haraatti geessuu jechuudha.
  • Miseensonni garee haaraa ijaaran martinu odeeffannoo garee isaanii irraa dhufan dabaree dabareen waliif himu. Xumura irratti barattoonnii hundumtuu jalqaba garee irraa dhufanitti deebi’ani odeeffannoo funaannatan irra deebi’ani mari’atu.

Mala jigsaawoo kana hubachuuf maqaadhuma isaa irraa ka’uun ni dandeenya. “Jig” jechuun “ilkaan” jechuu yo ta’u “saw” jechuun ammoo “Magaazii” jechuudha. Egaa magaaziin yoo muka muru ilkaan magaazii tokko hanga dandeessu murti, ilkaan magaazii inni itti aanuammas hanga danda’u mura. Magaaziin ilkaan hedduu waan qabuuf hundumtuu hanga danda’an osoo muranii xumura irratti qax-qamxal gohee muka guddaa muree lafa buusa.

Haalli kun barattootni gareen ta’anii mata duree tokko keessaa hanga tokko irratti xiyyeeffatanii odeeffannoo yeroo walitti qabanii suuta suuta odeeffannoo walitti fiduun mata duree  tokko guutuu akka baratan waliin wal-fakkaata.

Text Box: Gocha 3.35: Hojii dhuunfaa

Saayinsii naannoo kutaa 3ffaa keessatti ga’umsi barannoo kenname “Gartuulee nyaata madaalamaa arfan ni ibsu” jedha.
1.	Waa’ee	mata-duree	kanaa	akkaataa	mala	garee	jigsaawootiin	barsiifamuu danda’amu irrattii mari’achuun qajeelfama barreessaa.
2.	Gartuulee nyaata madaalamaa arfan mala garee gigsaawwootiin daree keessattii mari’achuun shaakalaa.

Faayidaalee mala garee jigsaawoon fayyadamuun barsiisuu kanneen armaan gadiiti.

  1. Barattootni kallattiin barnoota keessatti hirmaatu, meeshaalee barnoota sanaaf barbaachisaniis ofii isaaniitiin qopheefatu. Kun ammoo hubannoofi ogummaa gadi fagoo barattoota keessatti hora.
  • Barattoonni ofii isaniitiin of barsiisuu shaakalu. Kun ammoo jireenya barattootaa keessatti ogummaa bu’uura qabeessa.
    • Barattoonni hiriyyumaan wal-barsiisuu shaakalu. Kun ammoo waan barsiisan sana akka gaariitti akka hubatan isaan gargaara.
    • Mala garee jigsaawoo keessatti barattoonni yeroo wal barsiisan jechoota gosa barnoota sana waan dubbataniif gosa barnoota sana caalaa hubatu.
    • Mala garee jigsaawoo keessatti tokkon tokkoo barataa waan tokko irratti xiyyeefatanii waan hojjetaniif waan fayyidaa qabu tokko barnoota mataa isaaniif akkaumas barattoota biraaf gummachuu.
    • Malli garee jigsaawoo hiriyoota gidduutti mareen akka adeemsifamu jajjabeessa, mala rakkoo hiikuu shaakalu.
    • Malli garee jigsaawoo barattootni walii galteen akka wal gargaaranii baratan jajjabeessa.
  1. Mala Maappii Sammuu Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Mala Maappii Sammuu fayyadamuun qabiyyee mala kanaaf mijataa ta’an barsiisuu.

Malli maappii sammuu maalinni?

Mala maappii sammuu akkamitti barattoota barsiisuuf itti fayyadamna?

Yoo manaa kaanee mana barnootaa ykn gabaa deemnu, daandiin irraa deemnu sun eessaan baanee eessa akka deemnu sammuu keenya keessa jira.Yoo daandii irra deemnu hinbeeknu ta’e, bakka barbaanne sana ga’uu hindandeenyu. Yeroo barsiisfnu ykn barannu maappii sammuu waan barannuu ykn barsiifnu sanaa maappii sammuu qabaacuhuu qabna. Malli maappii sammuu (Afaan Ingliziitiin mind map) jedhamu kun yaada adda addaa sammuu nama keessaa jiraniifi walitti hidhata qaban bifa caasaatiin, fakkiitiin ykn meeshaalee agareetiin agarsiisuu jechuudha.

Maappiin sammuu yaada sammuu keessa jiru ykn odeeffannoo tokko fakkiidhaan toora qabsiisanii qindeessuun agarsiisuudha.Maappiin sammuu osoo qabiyyee murtaa’e tokko gadi fageenyaan keessa hinseeniin, mil’uu yaada waliigalaa nuuf ibsa. Yaada maappii sammuu irratti hundaa’uun karoora baasuuf nu gargaara. Mala kana keessaatti yaadni ijoon akka handhuuratti gidduu taa’ee yoo mul’atu dameen yaada xixiqqaa yaada ijoo isa gidduu irraa maddu.

Mala maappii sammuu fayyadamuuf barsiisonnifi barattootni mata duree barannoo sana fuula waraqaa gidduu (handhuura) irratti (qubeessan) barreessu. Sana booda damee yaadichaa babal’isaa adeemuu.

Mallii kun baruu-barsiisuu keessaatti faayidaan isaa hedduu guddaadha. Fakkeenyaaf, saayinsii naannoo kutaa 1ffaa keessatti ga’umsi barannoo kenname “Barattootni Maqaa miseensota maatii isaanii ni tarreessu” kan jedhu maappii sammuutiin fayyadamuun akka armaan gadiitti barsiisuun ni danda’ama.

Maqaa Abbaa Haadha Kiyyaa   Maqaa Abbaa Abbaa   Maqaa HaadhaAbbaa   Maqaa Haadha Haadha Kiyyaa   Maappii sammuu maqaalee maatii

Text Box: Gocha 3.36: Hojii dhuunfaa

Saayinsii naannoo kutaa 3ffaa keessattii ga’umsi kenname “Gartuuleefi amaloota nyaata madaalamaa arfan ni ibsu” jedha. Ga’umsa kana mala maappii saamuutiin fayyadamuuf barsiisuuf maappii sammuu qopheessa.

Faayidaaleen maappii sammuu kanneen armaan gadiiti:

  • Waan baratame salphaatti yaadachuuf gargaara.
  • Salphaatti fayyadamuun danda’ama. Fakkeenyaaf, qabiyyee barannoo tokko gabaabaatti agarsiisuufi hojii barachuu qindeessuuf.
  • Xiyyeeffannaa barattootaa ol kaasaa.

Hanqinni maappi sammuu kanneen armaan gadiiti:

  • Waan bareeffamaan ibsame hinqabu,
  • Qopheessuuf yeroo dheeraa fudhachuu danda’a,

20.     Mala Fakkii Xiinxaluu Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Mala fakkii xiinxaluu fayyadamuun ni barsiisu.

Mala kana hojiirra oolchuuf fakkii barattoota hawwatu tokko gara dareetti fiduun barattootni waanta ilaalan sana akka ibsan gochuudha. Adeemsa kana keessatti gaaffilee kallattii agarsiisaniifi barattootni fakkii sana gad fageenyaan akka hubatan gochuu danda’an gaafachuun murteessaadha. Fakkeenyaaf:

  • Bineensa armaan gaditti mul’atu naannoo keessanitti argitanii beektuu?
    • Maqaan isaa maal jedhama?
    • Mataa isaa biraa ka’ee dheeratee inni lafa ga’u maal isaati?
    • Bineensi kun gurra qabaa? Yoo qaba ta’e, isa kami?

Fakkii 3.2: Maatii Arbaa

  • Mala Calaqqee Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Akka mala baruu-barsiisuu tokkootti gahee malli kun hubannoo barattootaa sakatta’uu keessatti qabu himuu.

Calaqqeen gocha barannoo baayy’ee faayidaa qabudha. Innis barattoonni yeroo gahaa fudhatanii waa’ee qabiyyee/barnoota baratanii, hangam akka hubatan/beekan akka yaadan, yaada isaanii sana keessatti dadhabinaafi cimina isaanii addaan baasanii akka calqisiisan/ibsan isaan gargaara. Malli calaqqee bifa adda addaatiin gaggeefamuu danda’a. Fakkeenyaaf, gaaffilee barsiisaan

kenne irratti yaaduufi calaqqeessuun ni danda’ama. Yaadannoo guyyaa guyyaan qabatan keessaa waan barataniifi waantota isaaniif ifa hinta’iin irratti barattoonni calaqeessuu danda’u.

Text Box: Gocha 3.37: Hojii dhuunfaa

Barsiisa! Kaadhimamtootni barsiisotaa barnoota piraaktikamii (Prac-112) keessatti odeeffannoo mana barnootaarraa funaannattan irratti hundaa’uun dareetti deebi’uun calaqqee akka dhiyeessan gochuun faayidaa malli akka qabu mari’achiisi..

22.   Mala Garee Qaxxaamura Fayyadamuun Barsiisuu

Barattoonni dhimma tokko irrati akka marii taasisaniif gareettin ni gamtaa’u. Erga daqiiqaa 5 marii taasisanii booda miseensi garee sanaa lama tahan garee isaanii bakka bu’uun gara garee biraa deemuun waan gareen sun marii taasise irratti ibsa ni taasisu. Erga marii taasisaanii booda haala walfakkaatuun gara garee biraati ce’uun ibsa biraa garee biraa waliin ni taasisu. Haala kanaan odeeffannoo baratmuu qabu daree hunda walgeessisuun akka walirraa baratanfi muuxannoo waliif qoodan ni taasisa.

23.    Mala Hiibboo, Sheekkoofi Oduu Durii Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Gahee seennessuun, oduun duriifi sheekkoon yaad-rimeewwan adda addaa bifa taphaan dabarsuu irratti qaban himuu.

Hiibboo, sheekkoofi oduun durii gochaalee yoo ta’an iyyuu akka mala baruu-barsiisuutti tajaajiluu danda’u. Gochaaleen kunneen karaalee taateewwaniifi balballoomsuun ijoolleetti ergaa dabarsuudha.

Ergaan maloota kanaan darbus kaayyoo mataasaa kan qabu ykn ijoolleen waan tokko akka baratan taasisuudha. Gochaaleen hiibboo, sheekkoofi oduu durii qaama jireenya guyyaa guyyaa waan ta’aniif ijoolleen ni jaallatu. Kun immoo qabiyyee ykn yaad-rimee tokko bifa salphaa ta’een akka hubataniifi yeroo dheeraaf waliin turu waan taasisuuf ijoollee sadarkaa gadaanaa barsiisuuf mala filatamaadha. Gochaalee kanneen keessatti barsiisaan barattootatti hima, barataan barsiisaafi barattoota birootti hima. Malli kun barattoonni dandeettii dhaggeeffachuu isaanii akka fooyyeeffatan taasisa. Karaa biraa immoo barsiisaan barattootaaf seenaa/sheekkoo erga dubbisee

booda hubannoo isaaniifi dandeettii dhaggeeffachuu isaanii beekuuf gaaffii waa’ee seenaa sanaa gaafachuudha.

Fakkeenyaa armaan gadii haa ilaallu.
HiibbooHibbakka
Ani gosoota fuduraalee keessaa tokkodha. Quncifamaa jedhama. Ani geengoodha. Keessa kootti bishaan baay’eetu jira Ani eenyu?    Deebii: Burtukaana
HiibbooHibbakka:
Ani gosoota kuduraalee keessaa tokkodha. Qaamni koo diimaafi eegeen koo magarisa. Ani eenyu?  Deebii: Kaaroota

Haaluma wal fakkaatuun sheekkoo/oduu duriis hojiirra oolchuun ni danda’ama.

Text Box: Gocha 3.38: Hojii Garee
Kaadhimamtoota barsiisotaa! Gareen ta’uun oduu durii/sheekkoo/hiibboo addaa addaa waliif dhiyeessuun gahee isaan daa’imman barsiisuufi bashannansiisuu keessatti qaban irratti mari’adhaa.

24.  Mala Piiraamidii Fayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Mala piiraamidii fayyadamuun barattota barsiisuu.

Piiraamid jechuun maali?

Mala piraamidii fayyadamnee akkamitti barsiifna?

Piraamidii jechuun boca fakkii harka mirgaa kana irratti agarsiifamedha. Akkuma argitan, piraamidiin teessoon isaa bal’aadha. Maaliif malli kun akkasitti moggaafame yoo jenne, mala piraamidii fayyadamuun barsiisuu keessattii jalqaba barattoonnii hedduun dhuunfaa dhuunfaadhaan gocha tokko hojjetu; achii booda lama lama ta’ani, sana booda afur ta’anii

hojjetu. Kana jechuun akkuma boca piraamidii jalqabaa irrattii barattootni hojjetan balaadha, yoo gareetti lama lamaan, afur afuriin saddeeti saddeetiin yoo waliti dhufan akkuma bantii piramidii xaqqaataa dhufa jechuudha.

Malli kun mala gareen barachuu waliin walfakkaata. Haa ta’u malee adeemsa ijaarasa gareetu adda. Innis, barattootni erga dhuufaan hojjetanii booda gara garee miseensa baratta lama qabu irra ka’anii gara miseensa barataa baay’eetti ol ijaaraa deemu.

Mala piraamidii fayyadamuun barsiisuu keessatti tartiiba armaan gadii irratti bu’uureffama.

  1. Jalqaba barattoonni gocha kennamuuf dhuunfa dhuunfaadhaan ni hojjetu.
  2. Itti aansuudhaan lama lama ykn cimdiin ta’uun gocha dhuunfa dhuunfaatti hojjetan sana walitti agarsiisu, ni mari’atu, waliin sirreessuu, waliin mirkaneessu.
  3. Barattoota afur afur ta’anii garee tokko uumuun gocha lama lama ta’ani hojjetan waliiwalitti agarsiisu, irratti mari’atu,
  4. Xumura irratti barsiisaan garee tokko ykn lama kaasuun gocha kenname sana akkamitti akka raawwataniifi waan irra gahan cuunfaa isaa akka dareef dhiyeessan godha.

Mala piraamidiitiin fayyadamuun barsiisuun fakkii armaan gadiitiin agarsiisuun ni danda’ama.

Text Box: Gocha 3.39: Hojii garee

Akka gosa barnoota keessaniitti, kitabba kutaa 1 – 4 keessaa ga’umsa mijata tokko fialchuun mala piraamidiitiin akkaataa itti dhiyeessuun danda’amu iraatti gareen mari’adhaa.
Gudunfaa irrra geessan barattoota daree keessaniif dhiyeessaa.

25.  Mala Qor-dhimmaa Fayyadamuun Barsiisuu

Malli qor-dhimmaa (case study) kun haala ykn rakkoo tokko gadi fageenyaan akka qoratan kan itti taasiifamuufi akkamiin haalicha ibsuun akka danda’amu kan barsiisuudha. Qo’annaan akkasii waantota jireenya dhugaa ta’an irratti hunda’uu kan qabuufi barattoonni haala sanarratti akkamiin hojjechuu akka qaban murtee mataasaanii akka kennuu danda’an kan gargaaruudha. Fakkeenyaaf, barataa yeroo baay’ee dareedha hafu tokko sababa isaa barataa sana, hiriyyootaasaa, warra isaafi hawaasa naannoo gaafachuun erga sababni isa adda ba’ee booda qooda fudhattoota wajjiin ta’uun furmaata barbaadu.

  • Barreessuu KalaqaaFayyadamuun Barsiisuu

GBYXGQ: Faayidaa malli kun dandeettii waa barreessuu dagaagsuu keessatti qabu himuu.

Malli kun kan barattoonni yaada tilmaamaa fayyadamanii barreeffama tokko ittiin qopheesaniidha. Kun fakkeenyaaf, barreeffama oduu durii/seenessa/, barreeffama diraamaa, walaloo, gazeexeessuu, barruullee (magazines), qorannoo kalaqaafi waantota asoosama hinta’iin

illee kan of keessatti hammatuudha. Malli kun barattoonni beekumsa isaanii qabatamaan akka agrsiisaan kan gargaaruudha.

27.    Mala Dhiyeessii Fayyadamuun Barsiisuu

Dhiyyeesa (presentation) jechun yemmuu barattoonni mata duree tokko irratti dhuunfaan ykn gareen irratti qophaa’anii barattoota daree fuuladuratti bahanii ibsa afaaniitiin gabaasa dhiyyeesaniidha. Kun barattoonni ija /fuula namoota bayyee duratti bahanii dandeettii dubbachuu isanii akka gabbifatan kan gargaaruudha. Dhiyeessa keessatti waa’ee mataduree tokkoo barsiisuu qofa osoo hinta’iin akkaataa odeeffannoo qindaa’e tokkoo namoota biroof itti dabarsuu, ibsuu danda’an ilaaluu dabalata.

Yeroo abbaltiin dhiyeessaa kennamu ulaagalee dhiyeessaa bu’a qabeessa taasiisaan ifaan barattoota beeksiisuun ykn kennuun barbaachiisadha. Akkaataa odeeffannoo ittiin darbuu qabu, fkn. gurmaa’inaafi yaa’aa yaadichaa, meeshaalee deeggarsaa fayyadamuu, qulqullina afaanii, sagalee, sochii qaamaatinfi kkf dursaan barattootaaf ifa gochun barbaachisaadha. Kana malees, qabiyyeen ulaagaalee qabiyyee dhiyaate gaarii taasiisanis barattoota beeksiisuun barbaachiisaadha. Fakkeenyaaf, dhimmichi raagaa qabatamaan deegaramuu isaa, dhugummaa yaada sanaafi dandeettii gaaffilee dhiyaatan deebisuuti.

28.  Mala Marii Cimdii Fayyadamuun Barsiisuu

Malli kun gochaalee barattoota cimdiin gurmeessuun akka waliin baratan itti taasiifamuudha. Kunis barataan tokko barataa isaa cinaa taa’u ykn barataa kanaan dura waliin hojjetee hinbeekne waliin akka cimdaa’u gochuun ni danda’ama. Mariin cimdii keessatti barattoonni hojilee  barachuu kennameef waliin akka xumuran ykn mataduree tokkorratti akka marii’atan ykn duub- deebii barattoota dareef akka qopheessanfi kkf. akka raawwatan gochuudha. Mariin cimdii marii daree guutuu waliin taasiifamu dursee raawwatamu gaariidha. Sababni isaas, barattoonni ija laafoo ta’an hiriyyaa isaaniitti dhiyaatu waliin haasa’uuf salphaa waan ta’eef yaada kennuufi fudhachuu dursanii akka shaakalan isaan gargaara.

Adeemsa Baruu-barsiisuu Daree Barattoota Hedduu Qabu Keessatti

GBYXGQ: Daree barattoota hedduu barsiisuu keessatti gochaalee raawwatamuu qaban adda baafatu.

Text Box: Gocha 3.42: Hojii Garee
Kaadhimamtoota barsiisotaa! Daree barattoota hedduu barsiisuu keessatti gochaalee barsiisonni raawwachuu qabu jettan tarreessuun irratti mari’adhaa. Muuxannoo qabdanis akka ka’umsaatti gargaaramuu dandeessu. Fakkii armaan gadiirraa hoo maal hubattu?
 cartoon

Daree barattoota hedduu barsiisuuf malli tokkichi filatamaa ta’e hinjiru. Dhimmi kun akka tooftaalee barachuu barattootaa, amala barattootaafi galmaafi kaayyoo barnootaa ilaalcha keessa galchuu barbaada.

Daree barattoota hedduu barsiisuufi iyyaafachuu waliin walqabatee rakkoowwan barsiisota mudachuu danda’an hedduutu jiru. Gufuuwwan kanneen keessaa muraasni:

  • Hojii barattootni daree keessatti hojjetan haalaan hordofuufi odeeffannoo walitti qabachuu dadhabuu.
    • Rakkoowwan naamusaan walqabatanii daree keessatti mul’atan dafanii adda baasuufi to’achuu dadhabuu.
    • Barattoota ofii seeraan adda baasanii beekuu dhabuufi carraan isaan hirmaachisuu

xiqqaachuu.

  • Daree barnootaa keessatti gochaalee adda adddaa qindeessuun barattootni akka hojjetan gochuun rakkisaa ta’uu (Lack of flexibility in class activities).
  • Baayyachuu barattoota muuxannoofi qophaa’ina adda addaa qabanii.

Karaa biraatiinis, barattootni daree barnootaa barattoota hedduu keessatti baratan adeemsa barachuu isaaniitiin walqabatee rakkoowwan isaan mudatus ni jira. Rakkoowwan isaan mudatan keessaa muraasni akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru.

  • Ergaawwan barnootaa ijoo adda baafachuu dadhabuu.
    • Gaaffilee gaafachuu sodaachuu (hubannoo gahaa osoo hinargatiin hafuu).
    • Fayyadama    yeroo,    hubannoo    tooftaalee    qo’annaafi     kanneen    biroo     milkaa’ina barachuurratti dhiibbaa qajeelaa geessisan irratti muuxannoo gahaa horachuu dadhabuu.
    • Kanneen fedhii adda qaban xiyyeeffannoo gahaa argachuu dhabuu.

Daree   barattoota    hedduu   keessatti    hirmaannaafi    barachuu   barattootaa    saffisiisuuf gochaalee raawwatamuu qaban

  1. Barattootaaf odeeffannoo gahaa dursanii kennuu; daree barnootaa hawwataa taasisuu; gochaalee baruu-barsiisuu adda addaa walkeessa fayyadamuu.
  2. Barattootni maal akka raawwachuu qabaniifi irraa eegamu dursanii hubachiisuu.
  3. Meeshaalee deggersa barnootaa adda addaa fayyadamuu.
  4. Gochaalee hedduu qormaataan wal qabatan kennuufii.
  5. Hirmaannaa daree keessaaf qabxii kennuu.
  6. Qabiyyeewwan barnootaa guyyaa itti aanuu barattootni dursanii akka dubbisan gochuu.
  7. Baruu-barsiisuu guyyaa- guyyaanii dura ykn booda haala dhaabbataa ta’een barachuu barattootaa adda baafachuu( fkn: gaaffii afaanii, hojii daree ykn battalleefi kkf itti fayyadamuun).
  8. Milkaa’inni barachuu xiyyeeffannoo barnoota dareetti kennamu hordofuurratti akka hundaa’u barattoota amansiisuu.
  9. Waanta jaallattuufi jibbitu dursitee barattootatti himuun hariiroo gaarii/naannoo barnootaa gaarii uumuu.
  10. Gaaffilee yeroo gaafattu jalqaba muuxannoo mataa isaanii akka ibsan gochuun gara yaad-rimee dhiyaateef karaa saayinsawaa ta’een akka ibsan taasisuu.
  1. Barnoota guyyaa keessatti qabxiilee irratti hubannoo gahaa hinarganne akka himan/ dubbatan taasisuu
  2. Barnoota guyyaa eegaluun dura jechoota ijoo ta’an, yaad-rimeewwan bu’uuraa qabiyyee guyyaa sanaafi kanneen biroo barbaachisoo ta’an dursanii gabatee gurraacharratti barreessuu.
  3. Gaaffilee afaanii haala walitti fufinsa qabuun gaafachuu.
  4. Qabiyyeewwan/yaad-rimeewwan adda addaa yeroo barsiifnu fakkeenyaafi fakkiiwwan adda addaa fayyadamuu.

Haaluma kanaan malleen si’ayinaan barachuu adda addaa jiran keessaa kanneen armaan gadii hanga ta’e daree barattoota hedduu keessatti gargaaramuu dandeenyu keessaa akka fakkeenyaatti dhiyaataniiru.

  • Mala marii cimdii
    • Mala garee xiqqaa
    • Mala of iyyaafachuu
    • Mala calaqqee
    • Mala ibsa boqotaa (mala ibsa hirmaachisaa).
    • Mala garee Jiigsaawaa
    • Mala piraamiidingii
    • Mala barattootni walta’iinsaan barachuu

Malleen baruu barsiisuu fayyadamuun itti yaaduu, dhimmuufi si’aayina barsiisaa irrattii hundaa’uu danada’a.

Barattoota Fedhii Addaa Qaban Barsiisuu

I.   Barattoota Miidhama Adda addaa Qaban Barsiisuu

Miidhamni qaamaa kan yeroo gabaabaa, kanneen akka harki cabuu, ykn kan yeroo dheeraa, kan akka dhageettii dhabuu ta’uu ni danda’a. Miidhamni qaamaa babal’atanii jiran kanneen akka:

  • Dhageettii dhabuu
    • Dandeettiin arguu hir’achuu ykn qaro-dhabeeyyii ta’uu
    • Rakkoo barachuu irratti mudatu ykn xiyyeeffannaa dhabuu
  • Socho’uu irratti rakkoo qabaachuu
    • Rakkoolee akka qaamaan garmalee furdachuufi kkfdha.

II.              Tarsiimoowwan Adeemsa Baruu Barsiisuu Hunda Hammattoo

GBYXGQ: Barattoota hubama adda addaa qaban barsiisuu keessatti tarsiimoowwan hojiirra ooluu qaban adda baafatu.

Kutaa kana keessatti, tarsiimoowwan barattoota miidhama dhageettii qabaniifi qaro-dhabeeyyii ta’an barsiisuu dandeessisan kan ibsaman yemmuu ta’u, kunis barsiisonni gochaalee iyyaafannoo walitti fufaa hojjechiisan dhimmicha ilaalcha keessa akka galchan gochuuf kan yaadamedha.

Barattoota miidhama dhageettii qabaniif:
  1. Barattoonni dandeettiin dhageettii isaanii xiqqaa ta’e daree keessatti fuuldura akka taa’an gochuu;
  2. Barattoonni miidhama dhageettii qaban yaad-rimeen isaan sirritti hinhubanne jira yoo ta’e deggarsa hiriyyoota isaanii irraa akka argatan taasisuu;
  3. Barnooticha yemmuu irra deebitee dhiyeessitu, otuu hingabaabsiin dhiyeessiif;
  4. Gilgaalotaafi gochaalee irratti yemmuu ibsa kennitu, meeshaalee barattoonni daawwachuu danda’anitti jechuun, gabatee gurraacha irratti barreessuu, moodelaafi fakkiiwwan adda addaatti fayyadami.
  5. Barattoonni kaan yemmuu gaaffilee gaafatan, gaaffii isaan gaafatan irra deebi’uun barattoonni miidhama dhageettii qabanis akka dhagahan taasisi.
  6. Gocha barattoonni waliin ta’anii irratti mariyatan yemmuu kennitu, barattoonni dabareen akka dubbatan jajjabeessi. Barattoonni garee tokko keessaa teessuma isaanii geengoon ykn marsaan sirreeffatanii yoo taa’an barattoonni miidhama dhageettii qaban hirmaannaa barattoota hundaa ijaan arguu ni dandeessisa.

Barattoota sirriitti hinargine ykn Qaro-dhabeeyyiif:

  1. Waan gabatee gurraacha irratti barreeffame ykn waraqaa irratti qophaa’e sagalee olkaasuun dubbisiif.
    1. Kanneen qaro-dhabeeyyii ta’aniif bireeiliin akka dhiyaatuuf taasisi.
  • Yemmuu barbaachisaa ta’ee argametti, barattoonni qaro-qabeeyyii ta’an fedhii isaaniitiin gochaalee daree keessaa hojjechiisuun akka deggersa taasisaniif gaafachuu;
    • Barattoonni qaroon isaanii walakkaan miidhame fuuldura akka taa’an taasisi.
    • Gocha barattoonni waliin ta’anii irratti mariyatan yemmuu kennitu, barattoonni dabareen akka dubbatan jajjabeessi.
    • Amma danda’ametti daree barnootaa keessatti ifti gahaan akka jiraatu gochuu.
Text Box: Gocha 3.43: Hojii garee
Barattoota hubama dhageettii ykn hubama qaroo qaban daree idilee keessatti barsiisuuf tarkaanfiiwwan barsiisaan/tuun fudhachuu qaba/qabdi jettanii yaaddan tarreessuun irratti mari’adhaa.

III.            Barattoota Saffisaan Baratoofi Suuteyyii Barsiisuu

GBYXGQ: Amaloota barattoota saffisaan baratoofi suuta baratoo ni himu.

Barattoota suuta baratan jechuun barattoota barnoota kennamuuf barachuuf dandeettii barbaachisan qaban, garuu dandeettiin isaanii barattoota giddu- galeessaa gadi ta’e jechuudha.

Barataan suuta baratu milkaa’uuf , yaad-rimeewwan haaraa qabachuuf yeroo dabalataa, ammas ammas akka irra deddeebi’aniif akkasumas barsiisonni leecalloo hedduu akka itti fayyadaman barbaada. Dandeettiin sababa waan tokkoo beekuuf qaban hedduu tirataa waan ta’eef, yaad- rimeewwan haaraa salphaatti barachuuf ykn qabachuuf itti ulfaata.

Barattoonni saffisaan baratan yeroo hedduu qabxii giddu galeessa irraa caalaa ta’e kan argatan ta’uu isaaniitiin adda baafamu. Barattoonni kennaa ykn dandeettii akkanaa qaban fedhiin isaanii osoo hinguutamiin yoo hafe, ofitti amanummaa duraan qaban dhabu, hojiilee hojjechuuf ni nuffu, qabxiin isaaniis gadi bu’aa deema.

Qabattoota Malleen Baruu Barsiisuu Filachuurratti Murteessoo ta’an

GBYXGQ: Qabattoota filannoo malleen baruu-barsiisuu murteessan addaan baasuudhaan karoora barnootaa qopheessuu keessatti itti fayyadamu.

Text Box: Gocha 3.44: Hojii garee

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Malleen baruu-barsiisuu filachuuf waantotni murteessoo ta’an maal fa’i? Gareen irratti mari’adhaa dareetti gabaasaa.

Qabattootni malleen baruu-barsiisuu filachuuf murteessoo ta’an akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru. Isaanis:

  1. Kaayyoo barnootaa
  2. Qabiyyee barnootaa
  3. Baay’ina barattoota daree keessaa
  4. Muuxannoo, bilchina, fedhiifi dandeettii barattootaa
  5. Jiraachuu yeroofi leecalloo
  6. Fedhiifi dandeettii barsiisaa

Malleen baruu-barsiisuu filataman kan kaayyoo barnootaa bakka geessisuu danda’aniifi kan qabiyyee filatamee sana haala gaariin barsiisuuf mijatoo ta’aan ta’uu qabu. Fakkeenyaaf, kaayyoon barnootaa, “ dhuma barannoo kanaatti barattoonni qaama miiraa addaan ni baafatu’’ kan jedhu yoo ta’e, qabiyyeen filatamu waa’ee qaama miiraa ta’uu qaba; malli baruu-barsiisuus qaama miiraa qabatamaan itti agarsiisuun ta’uu qaba. Kana jechuun barsiisaan mala agareetti fayyadamuu qaba jechuudha. Yeroo barsiisuus qaama isaa ykn fakkii qaama miiraa agarsiisutti fayyadamu qaba. Yeroo barattoota madaaluus akka isaan qaama isaaniitti/fakkiitti fayyadamanii qaama miiraa agarsiisan gochuu qaba jechuudha.

Baay’inni barattootaas malleen baruu-barsiisuu filachuuf dhiibbaa guddaa qaba. Lakkoofsi barattoota daree keessaa baay’ee dha yoo ta’e, barsiisaan mala ibsaatti fayyadamuuf dirqama. Sababni isaas malleen akka marii, agaree, rakkina hiikuu, pirojeektiifi kkf yeroo dheeraafi meeshaalee barnootaa hedduu barattoota sana hunda walga’uu danda’an waan barbaadaniif . Dabalataanis, muuxannoon, bilchinni, fedhiifi dandeettiin barattootaa malleen baruu-barsiisuu

filachuuf murteessoodha. Fakkeenyaaf, daa’immaan yeroo dheeraaf iddoo tokko taa’anii od-ibsa barsiisaa dhaggeeffachuuf obsa hinqaban. Isaan xaphachuu, utaaluufi fiiguu barbaadu. Kanaafii kan isaan yeroo boqonnaan gahee bibilamu, iyyanii daree keessaa fiiganii gad ya’aani. Kanaaf, ijoollee xixiqqaa oolmaa daa’immaaniifi kutaa gad aanoo keessa baratan waantota qabatamoo ta’an itti agarsiisaa taphaan barsiisuun barbaachisaadha. Akkuma ijoollota gurguddoo yeroo dheeraaf daree keessa taa’anii akka baratan gochuu jechuun mana hidhaa keessa isaan kaawuu jechuudha.

Qabiyyeefi malleen baruu-barsiisuu filataman muuxannoo, fedhiifi dandeettii barattootaa wajjiin kan deeman ta’uu qabu. Fakkeenyaaf, kaayyoon barnootaa saayinsii naannoo kutaa 4, ‘barattoonni karoora maatiitti ni fayyadamu’ jedha. Ijoolleen kutaa 4 keessa jiran baay’een isaanii ijoollee waggaa 11ti. Kaayyoon kun umuriifi muuxannoo isaanii wajjiin kan deemuu waan hintaaneef hojiitti hiikamu hindanda’u. Waa’ee karoora maatii beekuun amma tokko ijoolummaatti beekuun yoo isaan barbaachise iyyuu sadarkaan waan kana hojirra itti oolchaan hingeenye. Haaluma wal fakkaatuun ijoolleen kutaa sadii ykn afurii marii paanaalii gaggeessuu jechuunis baay’ee ulfaataadha. Mariin paanaalii namoota dandeetti gad fageenyaan qaban barbaada. Walumaagalatti, kaayyoon, qabiyyeen, malleen baruu-barsiisuu, meeshaaleen barnootaafi tooftaalee madaallii barsiisaan filatuufi itti fayyadamu muuxannoo, fedhiifi dandeettii barattootaa wajjiin kan deeman ta’uu qabu.

Karaa biraammoo qabiyyeen barsiifamu bal’aa ta’ee, yeroon barsiisan qabu gabaabaa yoo ta’e, barsiisaan qabiyyee bal’aa sana yeroo gabaabduu jirtu sana keessatti fixuuf jecha mala ibsaatti fayyadama. Biyya keenya keessatti rakkinni kun manneen barnootaa sadarkaa gad aanaa irraa hanga yuunivarsiitiitti kan mul’atudha. Kanaaf, warri sirna barnootaa qopheessan gosa barnootaa baay’ee barbaachisaa ta’eef wayitii dheeraa kennuun, akkasumas wayitiin gosa barnootaa tokkoof kenname xiqqoodha yoo ta’e waantota baay’ee barbaachisoo ta’aniifi yeroo kenname keessatti dhumu danda’an qofa gosa barnootaa sana keessa galchuu barbaachisaa ta’a.

Malleen akka daawwannaa dirree, rakkina hiikuu, pirojeektii, agareen barsiisuufi kkf leecalloo baay’naan kan barbaadanidha. Leecalloon barbaachisoo ta’an kan akka yeroo, qarshiifi meeshaalee hinjiran taanan malleen kana filachuun hiika hinqabu.

Qabattoota malleen baruu-barsiisuu filachuu murteessan keessa inni ijoo ta’e fedhiifi dandeettii barsiisaati. Barsiisaan dandeettii hinqabu yoo ta’e, mala kaayyoofi qabiyyee barnootaa akkasumas dandeettii barattootaa wajjiin deemu filachuu hindanda’u. Karaa biraammoo dandeettii osuma qabu fedhii hinqabu yoo ta’e, maal na dhibdeedhaan malleen yeroofi humna isa gaafatan filachuu hindhaqu.

Kanaaf, malleen baruu-barsiisuu filatamaniifi hojiirra oolan warra ulaagaalee/qabattoota armaan olitti tuqamaan baay’eesaanii guutuu danda’an ta’uu qabu. Ulaagaalee kana ilaalcha keessa galchuun akkuma jirutti ta’ee barattoonni fedhiifi dandeettii adda addaa qaban daree keessatti argamu waan ta’eef, malleen adda addaa waliin makuun itti fayyadamuun barbaachisaa ta’a.

Cuunfaa Boqqonnaa

  • Kaadhimamtoota barsiisotaa! Boqonnaa kana keessatti qabxiilee adda addaa ilaallee jirra. Jalqabarratti, Seer-bu’uraalee baruu barsiisuu ijoo ta’an ilaalleera. Isaanis baruu-barsiisuu siyaasa, dinagdeefi imaammata hawaasa biyyattii wajjiin walqabsiisuu, baruu-barsiisuu jireenya hawaasaa wajjiin walqabsiisuu,gosa barnootaa adda addaa walqabsiisuun barsiisuu, gochaalee barattootaa qajeelchuu, baruu-barsiisuu hunda-galeessa gochuu, baruu-barsiisuu iftoomina akka qabaatu gochuu, baruu-barsiisuu keessatti garaagarummaan dhuunfaa namoota gidduu akka jiru beekuun, gochaalee barattoonni waliin raawwatan irratti hundaa’uun barattootatti dhiyaachuu, bu’aa barnootaa hojiirra oolchuufi furmaata akka qabaatu gochuufi baruu-barsiisuu akkaataa sirna barnootaatiin sirreessuu, mijeessuufi gaggeessuudha.
  • Itti aansuun immoo malleen baruu barsiisuu kan barsiisaa giddu- galeeffateefi barattoota giddu- galeeffate jechuun bakka lamatti qoodnee ilaallee jirra. Malli barsiisaa giddu- galeeffate mala barsiisaadhaan dhuunfatamedha. Mala kana keessatti akkaataa baruu- barsiisuun itti gaggeeffamu ol’aantummaan kan hoogganu barsiisaadha. Haalli kun immoo beekumsi barattoonni argatan yeroo gabaabaa keessatti akka irraanfatamu kan taasiisudha. Beektonni barnootaa tokko tokko mala kana mala abbaa hirree jechuun waamu. Sababni  isaas wanta hunda kan murteessuu nama tokko yoo ta’u, innis barsiisaa qofa waan ta’eef

fakkaata cunqursaadha kan jedhan. Barattoonni dhuunfaan baruu-barsiisuu keessatti akka hirmaatan yeroofi carraan hinkennamuuf. Daree barnootaa akkanaa keessatti barataan callisee dhaggeeffachuufi yaadannoo qabachuu qofaan beekumsa/odeeffannoo barsiisaan dabarsu hunda akka kuufatu taasifama(banking concept of education). Kunis, barataan akka kuusaa/fudhataatti malee akka nama yaada mataasaa qabuufi burqisiisuu danda’uutti hinhubatamu jechuudha.

  • Mala baruu-barsiisuu barataa giddu-galeeffate keessatti garuu barattoonni callisanii kan dhaggeeffatan osoo hinta’iin gochaalee barannoo adda addaa keessatti dammaqinaan kan hirmaatanidha. Beekumsiifi muuxannoon duraan barattoonni qaban murteessoofi beekumsa haaraa ijaarachuu keessatti gumaacha ol’aanaa qabu. Mala kana keessatti gaheen barsiisaa haala/naannoo baruu-barsisuun keessatti adeemsifamu mijaawaa gochuudha. Kunis, barsiisaan gochaalee barattootaa gahaa qopheessuun kennuu, hojii barattootaa daawwachuu, hordofuu, deggersa kennuu, qajeelchuufi madaaluu ofkeessatti hammata.
    • Dabalataanis, boqonnaa kana keessatti daree barattoota hedduu barsiisuuf tooftaaleen hojiirra ooluu qabanis dhiyaatanii jiru. Daree barattoota hedduu qabu keessatti barattoota muuxannoo, fedhiifi dandeettii adda addaa qabuuti jira waan ta’eef, barsiisonni malleen baruu-barsiisuu, meeshaalee barnootaafi akkaataa madaallii adda addaatti fayyadamuu qabu. Dhumarratti barattootni fedhii addaa qaban daree barnootaa keessatti barnoota kennamu irraa haala kamiin fayyadamoo ta’uu akka danda’aniifi malleen baruu barsiisuu garee kanaaf bu’a qabeessa ta’uu danda’u jedhamanii yaadamaniis dhiyaataniiru. Barattoonni fedhii addaa qaban kun malleen baruu-barsiisuu, meeshaalee barnootaafi gargaarsa adda ta’eefi fedhii addaa sana guutuu danda’an kan barbaadanidha. Walumaagalatti qabiyyeewwan adda addaa boqonnaa kana keessatti dhiyaatan irratti hubannoo gabbataa argataniittu jennee amanna.

Shaakala Boqonnaa

I.    Himoota armaan gadii sirrii yoo ta’an”DHUGAA” Yoo sirrii hintaane SOBA jechuun barreessi.

  1. Malleen baruu-barsiisuu xumura galma gahiinsa kaayyoo barnootaati.
    1. “Miming”n akka mala diraamaatti karaa qunnamtii gar-lameen ergaan itti dabarfamuudha.
    1. Malli daawwannaa dirree iddoowwan seena-qabeessa ta’an deemuun ilaaluu kan of keessatti qabatudha.

II, Qajeelfama: Deebii sirrii ta’e filannoo kennaman keessaa filachuun qubee filatte itti mari.

  1. Yaada dogoggora ta’e adda baasi.
  2. Malli od-ibsaa hanqina barsiisotaa ni fura.
  3. Malli gaaffii kan gargaaru yemmuu mata-dureen barnoota haaraa ta’e dha
  4. Malli baruu-barsiisuu yaada burqisiisuu ogummaa dubbachuu baratootaa ni dagaagsa.
  5. Malli barataa giddu- galeeffate madaallii walitti fufaa fayyadama.
  • Tooftaan garee barattootaa dandeettii irratti hunda’uun ijaaru————– jedhama.
    • Gareessuu makaa B. Gareessuu dendeettii C. Gareessuu tasa D. Gareessuu fedhii
  • Amaloota mala barsiisaa giddu-galeeffatee kan hintaane isa kami?
    • Yaad-hiddamaafi gocha kan waliin qindeessedha.
    • Adabbii cimaatti fayyadama
    • Kaka’umsa alaa dhufu irratti kan hundaa’edha.
    • Barattoota callissoo taasiisa

III.    Qajeelfama: Gaaffilee armaan gadiitiif deebii gabaabaa, ifa ta’e kenni.

  1. Xabiyyoota mala si’aayinaan barachuu ijoo shan tarreessi.
    1. “Seer-bu’uurri baruu-barsiisuu ‘iftoomina akka qabaatu gochuu’ jedhu maal jechuu akka ta’ee gosa barnootaa barsiiftu keessaa mata-duree sadii fayyadamuun ibsi.
    1. Daree barattoota hedduu barsiisuu keessatti tarsiimoowwan hojiirra ooluu qaban ibsi.
    1. Daree barnootaa akkamiin hunda hammatoo gochuun danda’ama?

0
Created on By admin

TECS 112 Chapter 3 Quiz

TECS 112 Chapter 3 Quiz

1 / 5

TECS 112 3.1. Gosoota malleen baruu barsiisuu filachuuf qabattoota murteessoo ta’an keessatti kan hinramadamne kami?

2 / 5

TECS 112 3.2. Beekumsa, ogummaafi ilaalcha walsimachiisuun gocha ta’e tokko qixa eegamuun raawwachuun maal jedhama?

3 / 5

TECS 112 3.3. Yaada dogoggora ta’e adda baasi.

4 / 5

TECS 112 3.4. Malleen baruu barsiisuu bakka gurguddoo meeqatti qoodama?

5 / 5

TECS 112 3.5. Amaloota mala barsiisaa giddu-galeeffatee kan hintaane isa kami?

Your score is

The average score is 0%

0%

Boqonnaa 4: Karoora Baruu Barsiisuu

Seensa

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Boqonnaa sadaffaa keessatti waa’ee malleen baruu-barsiisuu bal’inaan ilaaluun keenya ni yaadatama. Boqonnaa 4ffaa kana keessatti immoo waa’ee qabiyyee adeemsa baruu-barsiisuu keessatti baay’ee murteessaa ta’ee ilaalla. Qabiyyeen nuti ilaallus  waa’ee karoora barannooti. Karoorri barannoo qabattoota ijoo qulqullina barnootaa murteessan keessaa isa tokkodha. Kanaaf, barsiisotni mana barumsaatti karoora of-eeggannoon kan qopheessaniifi sirriitti hojiirra kan oolchan yoo ta’e baruu-barsiisuun gahumsa barannoo barbaadamu dhugoomsuu danda’a. Haaluma kanaan, boqonnaa kana keessatti qabiyyeewwan kanneen akka xabiyyoota karoora barannoo, faayidaa karoora barannoo, gosoota kaayyoofi gosoota karoora barannoofi kanneen biroo bal’inaan kan ilaalludha. Kanaafuu boqonnaa kana keessattis akkuma kanneen kanaan duraa xiyyeeffannoon hordofuun hidhannoo dabalataa hojii keessaniif barbaachisaa ta’e akka horattan abdii guddaa qabna.

Ga’umsa Boqonnichaa

Xumura boqonnaa kanaatti Kaadhimamtootni Barsiisotaa:

  • Barbaachisummaa karoora barnootaa ni ibsu.
    • Gaaffilee bu’uuraa karoora barannoo karoora barannootiin walitti ni fidu.
    • Kaayyolee barannoo adda addaa adda ni baafatu.
    • Qophii karooraa keessatti hariiroo murnoota sadan gidduu jiru adda ni baafatu.
    • Sadarkaalee ijoo karoora barannoo ni himu.
    • Faayidaa karoorri adeemsa baruu barsiisuu keessatti qabu ni dinqisiifatu.
    • Ulaagaalee karoorri baranootaa gahumsa qabu guutuu qabu ni hubatu.
    • Karoora gosa adda addaa ni qopheessu.

4.1   Hiikkaa Karoora Baruu Barsiisuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaa karoora Baruu Barsiisuu ni himu.
Text Box: Gocha 4.1: Hojii Cimdii

1.	Karoora jechuun maalinni?
2.	Jireenya kee keessatti karoora baafatte beekta?
3.	Karroorii barnoota kee qayyabachuu kee maal akka ta’e ibsi
4.	Karoora baruu-barsiisuu jechuun maal jechuudha?
a.	Gaaffile armaan olii, jalqaba dhuunfaan keettiin itti yaadi.
b.		Itti aansuun yaada kee barataa si bira jiruuf/jituuf qoodi kan barataa/barattuu biroos dhaggeeffadhu.
c.	Yaada gudunfaa irra geessan barattota daree keessaniif dhiyeessaa.

Ogeeyyiin barnootaa karoora barnootaaf hiika adda addaa kennu. Isaan keessaas muraasni akka armaan gaditti dhiyaataniiru.

Karoorri barnootaa:

  1. karoorri baranoota ibsa adeemsa barannoo gadifageenyaan kan qabudha.
  2. kaartaa qajeelcha gochaa baruubarsiisuuti.
  3. Muuxannoo hojii barsiisuuti.
  4. wixinee baruu-barsiisuuti
  5. kallattii gocha gara fuula duraati.
  6. gocha baruu-barsiisuu yoom, maaliin, maaliif, akkamitti akka hojjenu kan ibsudha.
Text Box: Gocha 4.2: Hojii Dhuunfaa
1.	Karoora malee barsiisuu irraa kan ka’e rakkoon (danqaan) daree barnootaa keessatti uumamu jira jettee yaaddaa?
2.	Yoo jiraatehoo maal fa’i?
3.	Qabiyyeen karoora baruu-barsiisuu maal ta’u qaba?
4.	Faayidaan baranoota karoorsuu maali?

Kayyoon baruu barsiisuu karoorsu ga’umsa barbaadame irraan barattoota geessiissuf. Barattoota ga’umsa tokko irraan geessisuuf ammoo adeemsa caacculee baranoota sanaa biraan ga’u dandeesisan sirritti hubachuun baraachisaadha. Caacculee karoora baruu-basiissu kan jedhaman:

  1. ga’umsa (kaayyoo) barachuu barattoota,
    1. qabiyyee barnoota
    1. yeroo baranoota sanaaf ramadame,
    1. mala baruu-barsiisuu,
    1. meeshaalee deeggarsa barnootaa,
    1. gochaale barnoota sanaaf barbaachisan
    1. tooftaalee iyyaafannoo fayyadamuu malan

Caacculee baruu-basiissu kanneen armaan olitti tarreefaman fakkeenya armaan gaddii fudhannee hubachu ni dandenya.

  1. Ga’umsa: Fakeenyaaf, barattooni Oromoo barnoota isaanii akka gaariitti barachuuf dursa qubeewwan Afaan Oromoo kutaa tokkoffaa keessastti sirriitti adda baafachuu qabau. Kanaaf ga’umsi barachuu barbadame akkas jedha:
Xumura barumsa kanaa irratti barattootni kutaa tokkoffaa boca maqaalee qubeewwan Afaan Ormoo hunda adda baasu.

Ga’umsi kun boca qubee ilaalun maqa ykn saglee boca sanaan wal-qabtu adda baasu jechuudha. Maqaalee qubeewwan afaan Oromoo hundi al-takkaatti adda baasuun barattoota kutaa tokkootiif heeddu ulfaata. Kanaaf, qubeewwan keessaa muraasa muraasan kukkutuun barsiisuttu dubbii salphisa. Ga’umsi kana keessatti barattoonii boca qubeewwan adda baasuu qofa akka ta’e hubachuun barabbachisadha. Boca qubeewwanii barreessuu tasumaa hinilaalu. Sabani isaa barreesuun erga boca adda baasani bood dhufa waan ta’eef.

  • Qabiyyee: Qabiyyeen ga’umsa kanaa qubeewwan Afaan Oromooti (kanneen ergisaa hindabalatu).
  • Yeroo: Hojiin baruu barsiisu keessatti yerootti fayadamuu dana’uun dhimma ijoodha. Barattooni yeroo waggaa tokkoo keessatti waan barachuu danda’an sirna barnoota keessatti murtaa’e lafa kaa’ame jira. Akkasumas, ga’umsa tokko barsiisuuf yeroon kennamu

murtaa’aadha. Yeroo karrosinu dhimma yeroo akka laayyooti ilaalamu hinqabu. Fakeenyaaf Qubeewwan A – D barsiisuuf weeyitii meeqa akka barbachisu silabaassii keessatti barreefame wayitiin “weyitii 3

  • Mala baruu barsiisuu:Barattoota kutaa tokkoo karaa salphaa ta’een barsiisuuf karoorsu babaachisa. Kunis akkaata ittiin dhihaatu mala mijitaa filachuu barbaachisa. Fakkeenyaaf al- takkaatti gabatee qubbeewwan Afaan Oromoo qabu barattoota fuula duratti fannisuun lakkoofsiisuu irraa, weyitii tookko keessatti qubeewwan muraasa ta’an barsiisuutu filatama. Fakkenyaaf, weyiitii duraa qubeewwan gurguddaa A – D qofa amala adda addaa fayyadamuun (Filaash kaardii, gabatee gurracha irratti barreesuu, boca qubeewwanii waraqaa irraatti tolchuun) barsiisu. Itti aansee amoo E – G, akkas akkasiin itti fufa.
  • Meeshaalee deggersa Barnootaa: Barattoota ga’umsa barbadame kana biraan ga’uuf meeshaalee deggersa barnoota (wantoota boca qubee tolchuuf barbaachisan, halluu adda addaa, kitaabilee barattoota hawwatan) mijitan filachuun barbaachisadha.
  • Gochaalee:Osoo barnoota tokko barsiisuu hineegalin dura, ga’umsa sana waliin gochaalee hariiroo qaban itti yaaduun wixinuun ykn karoorsuun barsiisuu salphaa godha. Gochaalee keessattii gahee barsiisaa maali? Gaheen barata hoo? Adda ba’anii lafa taa’u qabu. Fakkeenyaaf, qubeewwan A – D barsiisuu barsiisaan maal hojeechuu qaba barataa si’aayinaan barachuu maal gochuu akka qabu karoorfamu qaba.
  • Iyyaafannoo barachuu barattotaa: Barattootnni kiyyaa waan ani basiisaa jirufi waan barachaa jiran galaafi jira moo galaafi hinjiru? jedhanii barattoota isaanii iyyafatanii odeeffannoo funaanuutu irra jira. Barachuu barattootaa iyaafachuuf, barsiissoni tooftaalee iyyaaafannoo adda addaa (dubbachiisuu, rawwachiisuu, bareesisuu) fayyadamuu qabu.

Fakkeenyaaf, maqaalee boca qubeewwan Afaan Oromoo A – D erga barsiifne booda. Osoo barannoo isaa itti aanutti (E – F) hindarbiniin dura, barattooonni kiyya hundii Maqaalee boca A – D adda baafachuu isaanii mirkaneeffachuu qabana. Egaa barattoonii hundii walqixa saffisaan hinbaratan waan ta’eef, kannee maqalee boca Afaan Oromoo adda hinbaafatatin mala barsiisuu jijjiirree akka isaan adda baafatan deggerruu qabna jechuudha.Kaayyoon iyyaafaannoo inni guddaan deggersa barbbaachisu barattotaaf kennuf.

Gaafileen iyyaafannoo gaafatamuu qaban akkuma tasaa osoo hintaane, isaani ittii yaaduun karoora baruu-barsiisuu keessatti barreefamu qabu

Walumaa galatti, karoorri baruu-barsiisuu kanneen armaan olii gad-fageenyaa hammachuun dirqama.

4.2.   Faayidaa Karoora Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Faayidaa karoorri barnootaaqabu ibsuu.

Hayyoonni barnootaa garaagaraa faayidaa karoora qopheessuufi fayyadamuu akkaataa armaan gadiitti ibsu:

  1. Beekumsa gosa barnootaa gadi fageenyaan hubachuu ofii mirkaneeffachuuf gargaara.
    1. Mala baruu-barsiisuu sirrii ta’e filachuuf gargaara.
    1. Rakkoo daree barnootaa keessatti uumamu danda’u hambisuuf kan gargaarudha.
    1. Barsiisonni ofitti amanamummaa akka qabaataniif gargaara.
    1. Meeshalee deggersa barnootaa adda addaa filachuufi fayyadamuuf gargaara.
    1. Yeroo barnootaa sirriitti fayyadamuuf gargaara.
    1. Kallattii baruu-barsiisuun ittiin gaggeeffamu murteessuuf.
    1. Irra deddeebii hinbarbaachifne hambisuuf gargaara.
    1. Qisaasama yeroo, humna namaafi leecalloo biroo hirrisa.
    1. Yeroo tokko barannoo dhiyeessu yaa’aa namni biroo ittin hordofu kennaaf.
    1. Gocha karoorfame raawwachuuf gargaara.
    1. Kaayyoon barnootaa akkaataa barbaadameen galma gahuu isaa mirkaneeffachuuf.

4.3.            Ulaagaalee Karoorri Barannoo Qulqullina Qabu Guutuu Qabu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Ulaagaalee karoorri barnootaa gaarii ta’e tokko guutuu qabu ni fayyadamu.
Text Box: Gocha 4.3: Hojii Garee

Karoorri barnootaa tokko qulqullina qaba jechuuf ulaagalee akkamii ilaaluu qabna?
Garee keessaniin ta’uun mari’achuun yaaddan tarreessuun barattota daree keessaniif dhiyeessa?

Karoorri barnootaa tokko qulqullina qaba jechuuf ulaagalee safarrii shan guutu qaba. Kana jechuun, karoorri baruu-barsiisuu tokko:

  • qabatamummaa ta’u qaba
  • tartiiba hojiirraa oolmaa sirrii qabaachuu qaba
  • Geggeeddarummaa ta’u qaba
  • Walii galeessummaa ta’u qaba
  • Ifaafi salphaa ta’u qaba

Ulaagaaleen safarii qulqullina karoorri baruu-barsiisuu armaan gadii ibsamaniiru.

  1. Karoorri baruu-barsiisuu tokko Walii galeessummaa ta’u qaba. Kana jechuun karoorri baruu-barsiisuu caacculee ijoo baruu-barsiisuu jechuunis, ga’umsa (kaayyoo), qabiyyee, mala baruu-barsiisuu, meeshaalee deeggarsa barnootaa, yeroo, gochafi tooftaalee iyyaafannoo of keessatti qabaachu qaba.
  2. Karoorri baruu-barsiisuu tokko qabatamummaa ta’u qaba. Ulaagaan kun kan agarsiisu karoorri barannoo sun dhugaa irratti hundaa’uufi hojii irraa ooluu kan danada’u ta’u qaba.
  3. Karoorri baruu-barsiisuu tokko Ifaafi salphaa ta’u qaba. Karoorri baruu-barsiisuu jechoota/ ifaafi salphaa ta’een barreeffamuu qaba.
  4. Karoorri baruu-barsiisuu tokko tartiiba hojiirraa oolmaa (duraa-duuba) sirrii qabaachuu qaba. Kana jechuun qabiyyeefi gochaalee barumsa keessa jiran tartiiba duraa duubaatiin kaa’uudha. Gama biraatiin kana jechuun, qabiyyeen barumsa kan jalqabu salphaa irra gara cimaatti, dhiyoo irra gara fagootti, beekamaa irra gara hinbeekamneetti, qabatamaa irra gara walxaxaatti qindaa’u qaba.
  • Karoorri baruu-barsiisuu tokko Geggeeddarummaa ta’u qaba. Ulaagaan kun ammoo kan ibsu karoorri baruubarsiisuu rakkoo hineegamne yoo nama qunnamee ykn yoo barsiisaan jijjirame foyya’insaa barbaachisaa ta’e gochuuf kan carraa kennu ta’u isaati.

4.4.         Barnootaa Qopheessuuf Gaaffilee Bu’uuraa Karoora Deeb’u Qaban

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Adeemsa karoora barnootaa qopheessuu keessatti gaaffilee bu’uuraa dursanii deebii argachuu qaban adda aasuu.

Akka hayyuun barnoota Ralph Taayileer jedhutti, gaaffilee bu’uuraa karoora barnootaa saddeettu jira. Gaaffileen kunis adeemsa qophii karooraa keessatti kanneen dursanii barsiisaan deebii argachuu qabanidha.

  1. Maaliifan barsiisa? Kaayyoo barnootaa galma gahuu qabu hubachuu.
    1. Maalan barsiisa? Qabiyyee barnooticha (wanta baratamuu) beekuufi sirriitti hubachuu.
    1. Akkamittaan barsiisaa? Malleen baruu barsiisuu filachuu.
    1. Maaliinan barsiisa? Meeshaalee deggersa barnootaa mijaahaa ta’an filachuu.
    1. Eenyuunan barsiisaa? Sadarkaa barattootaa, dandeettiifi fedhii barattootaa addaan baafachuudha.
    1. Yooman barsiisaa? Guyyaa barnootaa guutuufi wayitii gosa barnootichaatiif ramadame beekuu.
    1. Ammaman barsiisaa? Qabiyyee kitaaba barataa/barannoofi yeroo ramadame wal- gituu isaa mirkaneeffachuu.
    1. Eessattan    barsiisa?    Haala    naannoo    baruu-barsiisuun     keessatti                    gaggeeffamu murteessuu.

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Saamudni/sample/ karoora barannoo barsiisota mana barumsaa sadarkaa tokkoffaan qophaa’e armaan gaditti isiniif dhiyaatee jira. Isinis hubannoo armaan olitti argattan bu’uura godhachuun gocha saamuda/sample/ armaan gaditti kennametti aanee isiniif kenname hojjedhaa.

Text Box: Gocha 4.4:Hojii Garee

Iddattoo karoora baruu-barsiisuu armaan olitti kenname gadi fageenyaan kallattii (qixa) armaan gadii fayyadamuun xiinxali.
1.	Qixa caacculee karoora baruu-barsiisuutiin
2.	Qixa ulaagaalee safarrii karoora baruu-barsiisuu guutuu maluun
Qixa yeroo karoora baruu-barsiisuu qopheesinu gaaffilee sadeettan deebi’u qabaniitiin
Description: IMG_20180803_225808

4.5.            Gosa Kaayyoo Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Garaagarummaa kaayyoo gooroofi gooree ni ibsuu.
Text Box: Gocha 4.5: Hojii Garee

Gaaffilee armaan gadii irratti dursa dhuunfaan itti aansee gareenn yaada wal-jijjiirun mari’adha.
1.	Kaayyoon maali?
2.	Dhuunfaa keetti kaayyoo maali qabdaa?
3.	Garaagarummaan kayyoon yeroo gabaabaa keesatti rawwatamu qabuufi yerroo dheeraa barbaadu maali?
4.	Kayyoon barachuu barattotaa maalli?

Adeemsa hojii baruu-barsiisuu kessatti barnoonni yeroo dheeraa fudhataniifi yeroo muraasa keessatti xumuraman ni jiru. Bal’ina ergaa dabarsaniifi turtii yeroo itti galma gahu danda’ani irratti hundaa’un kaayyoon barnoota barnoota bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis kaayyoo gooroofi kaayyoo gooree jedhamani beekamu.

  1. Kaayyoo gooroo: kaayyoon kun qophii karoora waggaatiif kan fayyadudha. Kaayyolee kana yeroo barreessinu jechoota ergaa dimishaashaa/gooroo/ dabarsan kanneen akka ni beeku, hubatu, of-kennu, yaadasa argachuu, jaallachuu, (hirmaachuu), dinqisiifachuu, amanuu, gabbifachuu, dagaagfachuu, fayyadamuufi kkf fayyadamuu dandeenya.

Fakkeenya: Akaakuu nyaataa, faayidaalee nyaataafi madda nyaataa addaan baasanii ni beeku. (Silabasii Saaiyinsii Naannoo Kutaa 4ffaa irraa kan fudhatame).

  1. Kaayyoo gooree: kaayyoon kun immoo qophii karoora barannoo wayitii (yeroo baay’ee wayitii tokko keessatti kan dhumu yoo dheerate immoo wayitii lama keessatti kan dhumu)tiif fayyada. Kaayyolee kana yeroo barreessinu jechoota xumura gochaa kanneen akka ni uumu, ni ibsu, ni barreessu, ni hiiku, ni ijaaru, ni suphuu, in kutu, ni safaru, fakkii ni kaasu, yaada ni kennu, ni tarreessu, ni qoodu, ni shallagu, ni jijjiiru, addaan ni baafatu, ni agarsiisu, ni filatufi kkf fayyadamna.

`

Fakkeenya: Xumura barannoo kanaatti, barattootni:

  • Tokkoo tokkoo dhangaalee nyaataaf fakkeenya ni kennu.
    • Faayidaalee tokko tokkoo dhangaalee nyaataa ni himu.
    • Maalummaa nyaata madaalamaa ni ibsu.
    • Fakkeenyaawwan nyaata madaalamaa ni tarreessu.
    • Faayidaalee nyaatni madaalamaa qaama namaatiif qabu ni dinqisiifatu.
    • Warrisaanii nyaata madaalamaa akka kennaniif ni gaafatu.

Qajeelfama kaayyoleen karoora barannoo ittiin barreeffaman

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Qajeelfamoota ijoo kaayyolee barannoo barreessuu keessatti hojiira ooluu qaban adda baasuu.
  1. Kaayyoleen kan barreeffaman raawwii leenjifamtootaa (barattootaa) irratti hundaa’eeti. Fakkeenyaaf, ‘barattoonni akka qubee barreessan dandeessisuu,’ yoo jennee barreessine, kun gocha barsiisaa malee kan barattootaa hinagarsiisu. Kanaaf, ‘barattoonni qubee ni barreessu’ jennee barreessuu qabna.
  2. Kaayyoleen kan barreeffaman galma gahumsa baruu barsiisuu irratti hunda’eeti malee adeemsa isaa irratti miti. Fakkeenyaaf, barattoonni ni dhaggeeffatu, hojii daree ni hojjetu, hojii manaa ni hojjetufi kkf yoo jenne, himoonni kun adeemsa agarsiisu malee galma gahumsa hinagarsiisan. Garuu barattoonni faayidaalee nyaata madaalamaa ni ibsu, ni himu, ni tarreessuufi kkf yoo jenne galma gahumsa barannoo agarsiisa.
  • Himni kaayyolee kan hammatu wanta baratamufi jijjiirama yaad-qalbii eegamuudha. Fakkeenyaaf, ‘barattoonni faayidaalee nyaata madaalamaa ni ibsu’ yoo jenne, ‘ni ibsu’ kan jedhu jijjiirama yaad-qalbii agarsiisa. ‘Faayidaalee nyaata madaalamaa’ kan jedhu immoo qabiyyee (waanta baratamu)dha.
  • Hima tokko keessatti kaayyoo tokkoo oli fayyadamuun gaarii miti.

Fakkeenyaaf, ‘barattoonni gosa nyaata madaalamaa adda baasuudhaan tokkoo tokkoo isaanii ni ibsu’ yoo jenne, hima kana keessa kaayyoo lamati jira. Isaanis, tokkoo gosa

nyaata madaalamaa adda baafachuu; lammaffaan immoo gosa nyaata madaalamaa tokkoo tokkoo isaarratti ibsa kennuudha. Yeroo kaayyoleen lamaafi isaa ol hima tokko keessatti hammataman, barattoonni isa tokko irratti xiyyeeffannoo kennuun isaan kaan irraanfachuu waan danda’aniif hima tokko keessatti kaayyoo tokko barreessuun barbaachisaadha.

4.6.   Qoodama Kaayyolee Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Kaayyolee barannoo qopheessuu keessatti hariiroo murnoota sadan gidduui iraachuu qabu himuu.

Gareen ogeessota barnootaa Benjaamiin Biluumiin hogganamu haala qoodama kaayyoolee garee ykn toora tartiibaan qindaa’een kaayyoolee barnootaa dagaagsaniiru. Haaluma kanaan, kaayyooleen barnootaa murnoota sadiitti qoodamu. Isaanis, murna yaad-sammuu, murna ilaalchaafi murna qaam-sammuuti. Murnoonni tokkoon tokko isaanii kan qabatan sadarkaalee caasaa salphaa irraa gara caalaa walxaxaatti kan adeemuudha. Jireenya dhugaa keessatti qabatamaan, amalootni murnoota sadan kun wal-keessa ykn wal-simatan mul’atu. Kana jechuun namni ykn barataan tokko beekumsa, ogummaafi ilaalcha gaarii qabatee walsimsiisuun yoo qbabatammattii hoojii tokko hojetee agarsiisee ga’umsa qaba jedhama. Murni barnoota sadan kun yoo wal-simatani qofa hojiin tokko fiixa ba’u danda’a. Haa ta’u malee qofa qafaatti hiikkaa hinkennan.

Kaayyooleen yeroo barreeffaman kallatti murna sadan (makaa murna yaad-sammuu, murna ilaalchaafi qaam- sammuu) hammachuu qabu. Qophii karooraa keessatti kaayyolee murnoota sadanii haammachiisuun dirqama ta’a. Sababni isaas, gahumsi namni tokko qabu sadan isaaniin kan ibsamu waan ta’eef. Haaluma kanaan murnoota sadan akka armaan gadiitti haa ilaallu.

4.6.1   Murna Yaad-sammuu Barnootaa

Text Box: Gocha 4.6: Hojii dhuunfaa

Adeemsa barachuu keessattii namni akkamitti waa barata?

Adeemsa barachuu keessattii hojii sammuun nama bakka guddaa qaba. Samuun nama yaada burqisiisuufi yaada fudahatee kuusuuf garagaara. Samuun odeeffannoo naanno keenya iraa kaaraa qaam-miiraa odeeffannoo guurratte, ni xiinxala, hiikka itti dhumma irratti ni kuusa. Kanaaf murna yaad-sammu jechuun sammuun aakkata itti yaadu jechudha. (Murni yaad-sammu Afaan Inglizzitiin Cognitive Domain jedhama waamama). Kunis, dhimma beekumsaa ykn dandeettii yaadachuuti. Waa barachuun salphaa irraa gara isa guddaa yaada haaraa qindeessuufi madaaluutti deemuudha. Kunis, kaayyoo baruu-barsiisuu gosoota baay’ee beekamaa ta’edha. Sababni isaas beekumsaafi dandeettii sammuu dabarsuu irratti xiyyeeffata. Isa baay’ee mana barumsaa ammafi yeroo durii keessatti gaheen isa babal’ate jiruudha. Barattootni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa yeroo isaanii

%80 hanga %90 galma ga’umsa murna yaad-sammuu irratti xiyyeeffatu.

Murni yaad-sammuu gulantaalee jahaa qaba. Isaanis beekumsaa (knowledge), hubannoo (comprehension), hojii irra oolchuu (application), qaaccessuu (analysis), walitti fiduu (synthesis), madaaluu (evaluation).

Murna yaad-sammuu keessatti tarreeffaman fikkii armaan gadiitiin agarsiisuu ni dandeenya

Fakkii 4.1: Murna yaad-sammuu

  1. Murna yaad-sammu Beekumsaa: Beekumsi murna yaad-sammuuti.Murni yaad-sammuu baruu keessatti isa salphaadha ykn waan walxaxaa miti. Kanaaf murni kun murna yaad- sammuu sadarkaa isa gadii aanaadha jedhamee beekama.

Sadarkaa kanatti barattoota irraa kan eegamu waa yaadachuu, qalbeeffachuu, odeeffannoo kan akka dhugaa, moggaasota, mala rakkoo hiikuufi seerota yaadachuufi dagaagfachuudha. Beekumsii sadarkaalee yaadachuu keessaa isa salphaa, bakka waa ibsuufi adda baafachuun barbaachisetti akka yaadannu ykn kan barannee agarsiisuudha. Jechootni gocha sadarkaa murna yaad-sammuu yaadachuu agarsiisan kanneen armaan gadiiti: himuu, hiikuu, tarreessuu, addabaasuu, qorachuu, taatoon qopheessuu, dubbii/barreeffama namaa waraabuu, maqaa waamuu, filuu, yaadaan dubbisuu, yaadachuu, firoomsuu.

Fakkeenyaaf barnoota saayinsii naanno kuta 4ffaa keessatti ga’umsi lafa ka’ame “Barattootni hiika nyaata madaalamaa ni himu” jedha. Ga’umsi kun murana yaada sammuu keessaa yaadachuu jalati ramadama. Adeemsaa baruu-barsiisuu kana keessattii barattootni waan barsiisaan itti himee yookaan waan dubbisan sammuutti isa qabatan himu qabu jechuudha. Sammuuttii hinqabanne taanan himuu hindanda’an.

  • Murna-yaad samuu hubannoo: Murna hubannoo keesatti barattootni odeeffannoo yaadachuu qofa osoo hinta’in hubachuufi akka hubannoo isaan ibsuutu irra eegama. Sadarkaa kanatti barattota irraa kan eegamu waan dubbisan, argan,fi daawwiin odeeffannoo argatanwalitti fiduun hiikuu, sababa odeeffannoo ilaaluufi odeeffannoo xiqqoo tilmaamuun haala qunnamtii jijjiruu, hikuufi irra deebi’anii jechuu ykn dubbachuudha.

Sadakaan yaad-sammuu hubannoo sadarka yaadachuu irraa ol-aanaadha. Jechuun hubachuun yaadachuu irra ni cima. Jechootni gocha sadarkaa hubannoo yaad-sammuu agarsiisan kanneen armaan gadiiti: goolabuu, hikuu, walitti fiduu, tilmaamuu, jijjiruu, guduunfuu, ofirraa ittisuu, ibsuu, irra deebi’anii jechuu (dubbachuu), adda baasuu, dorgomsiisuu mari’achuu

Fakkeenyaaf barnoota saayinsii naanno kuta 4ffaa keessatti ga’umsi lafa ka’ame “Barattootni sababoota faalama nyaataa ni ibsu” jedha. Ga’umsi kun gaaffii maali jedhu deebisuu waan barbaachisuuf yadachuu irraa darbee sababa laachuu barbachisa.

  • Murna Yaad-samuu Hojii irra Oolchuu: Murni kun dandeetiti waan baratamee (yaadatamefi hubatamee) fayyadamuun qabatamaatti hojii tokko hojechuun agarsiisuu ti. Sadarkaa kanatti, barattoota irraa kan eegamu barumsa duraan barataan ka’uumsaa godhachuun odeeffannoo isa irraa argametti fayyadamuun hojii mul’atu tokko hojjetanii agarissuuda. Jechoonii gochaa murna-sammuu hojii irraa oolchuu agarsiisan kanneen armaan gadiiti: Isaanis muruu, hidhuu, hiikku, fayyadamnu, jijjiruu, foyyeessuu, furuu, agarsisuu, qindeessuu, dabarsuu, qopheessuu, hojii irra oolchuu, waliin makuu, calaluu, daakuu, oomishuu, raawwachuu, ijaaruu, gaggeessuu, boo’uu, sirbuu.

Fakkeenyaaf ga’umsi kennamu:

  • Bishaan booruu ni calalu.
    • Ittoo ni qopheessu.
    • muka ni muru.
    • Ashaboo ni daaku.

Ga’umsi kunneen hundi waan qabamaan hojiin agarsiisfamu danada’anidha.

  • Murna yaad-samuu, qaaccessuu: Qaaccesuu jechuun yaada, odeeffannoo, qabiyyee ykn gochaa tokko damee dameetii caccabsuun sababaafi firiiwalitti firoomsuudha, madaaluudha, xiinxaluudha. Sababa adda baasanii akka cuunfaaa addummaa gabbifatan ragaa cuunfaa deggaruu barbaaduun xumuruu (xumuraa gochuu). Kanaafuu, barattoota irraa kan eegamu, dogonggora yaada barbaachisaa (yaada wal-falleessuu adda baasuu, dogoggoraan xumuru)fi dhugaa, yaadota fedhiiwwan malee dhowwaafi xumura keessaa adda baasuu.

Jechoonni gochaa sadarkaa qaaccessu yaada-sammuu ibsan: hariiroo baasuufi dorgomsisiisuufi caccabsuu, adda baasuu qalbeeffachuu, fakkiidhaan agarsiisuu, walitti fiduu, guduunfuu, qoqqooduu, qaaccessuu, tartiibessuu, qindeessuu, hiruu, dorgomsiisuudha.

Sadarkaan yaad-sammuu, qacceessuun, hojiiirra oolchuu, hubachuufi yaadachuu irra cimaadha.

Fakkeenyaaf ga’umsi kenname: “Barattootni dameewwan kompaawundootaa gara ruqolee Caacculeea isaanitti ni caccabsu” jedha. Fakkeenyaaf moleekuuliin bishanii tokko maal irraa hojjeetame yoo jenne gaaffannee gaaffii qaaccesuuti. Kanaaf barataan dursa waan moleekuuliin bishanii tokko irraa hojjetame beekee qabiiyyee elementootti addan basuu ykn caccabsuutuu irraa eegama jechuudha.Yaada kana ikuuweeshinii armaan gadiitiin ibsama.

H2O                   2H  + O

  • Murna yaad-sammuu, qindeessuu ykn walitti fiduu: Qindeessu jechuun qaama addan bitinna’a walitti deebisani qaama gudda ijaaruudha. Karaa biroo ammoo qindeessu jechuun qabiyyee xixiqqa addaan faca’anii jiran irraa qama guddaa sirna qabu tokko uumuu jechuudha. Gulantaa yaad-sammuu kanatti barattoonni beekumsaafi ogummaa duraan qaban hojii irra oolchuun waan haaraa ykn guutuu oomishuutu irraa eegama.

Kanaafuu, sadarkaa kanatti barattoota irraa kan eegamu wanta adda ta’e ykn yeroo jalqabaaf oomishu, rakkoo haaraa karaa adda ta’een furuudha. Jechoota gochaa jijjiirama amalaa qindeessuu ibsan: gareen kaa’uu, uumuu, seeressuu ykn seera tumuu, qindeessuu, wixineessuu, oomishuudha.

Sadarkaan yaad-sammuu qaaccesuu sadarkaa qindeessuu irraa ni cima.

Fakkeenyaaf ga’umsi kenname: “Barattootni hiidrojiiniifi oksijiinii irra moleekuuli bishanii homiishuu” jedha. Fakkeenyaaf moleekuuliin bishanii tokko hiidrojiiniifi oksijiiniiirraakkamitii hojjeetame ykn ijaarama yoo jenne gaaffannee gaaffii walitti fiduu ykn qindeessuuti. Kanaaf, barataan dursa moleekuuliin bishanii maalirrafi akkamitti akka hojjetamu beekuutu irraa eegama. Yaada kana ikuushinii armaan gadiitiin ibsuun ni danda’ama.

2H  +  O                  H2O

  • Murna yaada-sammuu, Madaaluu Madaaluu jechuun iyyaafachuun erga odeeffannoo hedduun funaanamee boodda waa’ee amalaa, sonaa, qulqullina ykn hangaa odeeffannoo funaaname sanaa xinxaluun yaada murtee dabasuudha. Kaayyoon sadarkaa kanatti fayyadaman barattootni waa’ee mala sonaawaan yaada namootaa ykn firiifi sababa murtaa’aa qabu murtiifi filannoo jechaa akka uumanidha. Barattoota irraa kan eegamu habnnaa yaada murtee barbaachisan dursanii beekku qabu.

Jechoota gochaa jijjirama amalaa yaad-sammuu madaaluu ibsan: madaaluu, murteessuu, qeequu, amansiisuu, dorgomsiisuu, ofirraa ittisuu, deeggaruu, gargar baasuu, tilmaamuu, sadarkeessuu, , qorachuu, mirkanneessuu, murtee kennuu, deeggaruu, mormmuu, soroorsuu, yaaluu, safaruu, yaada kennuu, xumuruu, gudunfuu.Walumaa galatti, sadarkaan yaad-sammuu madaaluu qindeessuu irra ni cima.

Fakkeenyaaf ga’umsi kenname:Barattootni barreeffama barattoota lamaan HIV/AIDS irratti barreeffame qabatamaan ni madaaluu” jedha. Ga’umsa kana keessatti yaada barattota laamaan dhiyaatan sirriitti dhaggeeffatanii xiinxalani adda baasanii yaada kana irra yaada isa sana wayya jedhanii murtee mataa isaanii dabarsuutu irraa eegama.

Text Box: Gocha 4.7: Hojii dhuunfaa

1.	Caaculee yaad-sammuu tarreessa:
2.	Sadarkaalee yaad-sammuu sadarkaa xiqqaa irraa gara sadarkaa cimaatti tartiibessi.
3.	Amaloota sadarkaalee yaad-sammuu xiinxaluun kanneen barattoota kutaa 1 – 4 waliin deemu danda’an murteessi.

4.6.2 Murna Ilaalchaa Barnootaa

Ilaalchaa jechuun maal jechuudha?

Ilaalchi isaa ykn ishee gaarridha (gaarii miti) yoo jennu maal jechuu keenya?

Ilaalchi (Afaan Ingiliziittiin Affective Domain jedhamee waamama) murna barachuu keessa isa tokkodha. Mata duree kana jechi “ilaacha” jedhu kun ijaan ilaaluun waa arguu jechuu miti. Ilaalcha (qaam-qalbii) jechuun wanta, yaada ykn haala tokkotti hawwatamuu ykn irraa baqachuu wajiin kan walitti hidhatedha.

Fakkeenyaaf, “har’a qalbiin koo gaaridha” yoo jennu, “natti tolaadha ykn keessi koo gammachu ykn abdii qaba” jechuu keenya agarsiisa. Karaa biroo ammoo “har’a qalbiin tiiya gaarrii miti” yoo jeennu, “ nattii tolaa hinjiruu”, ykn soda ykn shakki wayii qabachuu ykn abdii

kutachuu agarsiisa. Dabalees, waan tokko jaallachuu yookaan jibbuun ialaalcha yookaan qalbii abbaa sanaatti. Ilaalchi (qalbii) abbaa irratti hundoofti.

Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti, murni ilaalcha, sonaafi waan barataa sanaitti dhagahamu irratti xiyyeeffata. Fakkeenyaaf, jibbuu ykn jaallachuu, fudhachuu ykn fudhachuu diduu, seera ittiin bulmaataa kabajuu ykn kabajuu dhiisuu, hariiroo garii qabaachu ykn dhiisuu, gareetti seenuu ykn diduu, miidhagina uumama dinqisiifachuu, ofitti amanummaa, ilaalcha gaarii ofiif ykn namaaf qabaachuu, shakkii, sadaa, amala gaarummaa of keessatti qaba. Murni ilaaalchaa sadarkaa salphaafi cima qaba. Sadarkaan murna ilaacha shan yoo ta’an, isaanis,fudhachuu (Recieving), deebisuu (Responding), bakka o’laanaa (gatii) kennuufii (valuing), qindeessuu (Organization), amaleeffachuu (Characterization).

  1. Murn ilaalchaa: Fudhachuu” Barnoota, fedhii fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuun barataa safaruuf gargaara. Sadarkaa kanatti barattootni waan baratan amala fudhachuu agarsisuu qaban hammam sammuun isaanii banaadha kan jedhu ilaalla. Kanaafuu, hubannoon, fedhii dhageeffachuu, qalbeeffachuuf filame baay’ee barbaachisa. Sadarkaa kanatti barattoota irraa kan eegamu dhaggeeffachuu, ykn qalbeeffachuudha. Jechoota gochaa ga’umsa fudhachuu ibsan: fedhuu, hordofuu, qalbeefachuu, dhaggeeffachuu, hubachuu, of eegachuu, filachuu, amanuu, kallatti agarsiisanidha.

Fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuun mura ilaachaa (qaam-qalbii) keessaa isa salphaadha.

Fakkeenyaaf, fudhachuu illachisee ga’umsi kenname “Barattootni ibsa barbaachisummaa naannoo jireenyaarratti kennamu dhaggeeffachuun ni qalbeeffatu” jedha. Ga’umsa kana keessatti baratootni ibsa kenname sana dhaggeeffatanii fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuu ni danada’u. Fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuu barattotaa iyaafannoo adda addaatiin mirkaneeffachuu ni dandeenya.

  1. Murna ilaachaa: deebisuu: Sadarkaa kanatti barattootni kan agarsiisan fedhii hirmaachuufi yaada kennuudha. Barattoonni waan baratan yoo gaafatamani ossodhuma beekani fedhii deebisuu ykn deebesuu dhiisu qabaachuu ni danda’u. Si’aayinaan hirmaachuun barattootaa irraa eegama. Barattootni dhimma tokko irratti hirmaachuufi deebii kennuun mormii, deeggaruu ykn deebii kennuuf gammachuu qaban ibsu. Fakkeenyaaf, barattootni marii daree

keessatti hirmaachuu, dhiyeessaa kennuun, yaada haaraa burqisiisuufi gaafachuufi yaad-rimee fakkeessuun hojjechuu guutummaan hubachuuf gargaara.

Jechoota gocha sadarkaa ilaachaa keessa fudhachuu agarsiisa: fedhii qabaachuu, hirmaachuu hordofuu, kennuu, harka waliin dha’uu, taphachuu, shaakaluu, mari’achuu, itti gammaduu, tole jechuu, diduufaa hammata.

Fakkeenyaaf deebisuu illachisee ga’umsi kenname “Barattootni gootummaa Abdiisaa Aagaa fakkeessuun gahee taphachuuf fedhiin ni agarsiisujedha. Ga’umsa kana keessatti barata/tu tokko akka Abdiisaa Aagaa taatee taphachuuf fedhii qabda moo hinqabdu? Jennee yoo gaafanne, “eyyee nan qaba” ykn “fedhii hinqabu” jedhani murtee sammuu keessa jiru himu ni danda’u. Deebii kennufi dhiisuun waan baratttooni murteessan jechuudha.

  1. Murna ilaachaa: Bakka o’laanaa kennuufii Waan tokko ajja’iba! jette bekta? Barnoota keetif bakka akka mii laatta? Fayyaa keetiif bakka akkamii laata?

Dhimma tokkoof (yaada, hojii, meeshaa) bakka o’laanaa (gatii) kennuufii issatti haalafi amala naamootni kennan agarsiisa.Waan tokkoof gatii kennuun ofitti fudhachuu (fedhu, jaallachuu) agarsiisaa. Kanaaf waan tokkoof bakka ol’aanaa kennuuf dursa wanta sana fudhachuuf xinxaluu barbachisa. Itti aansee waanta san gaariidha moo garri mitii jechun madaaluu barbaachisa. Kanaaf, sadarkaan murna ilaalcha sadarkaa fudhachuufi deebii kennuu irraa xiqqoo ni cima. Kunis amala fudhachuu isa salphaa irra gara caalaa wal- xaxaatti deema.

Bakka ol’aanaa kennuun kan irratti hundaa’u wanta bakka kennuufii qabnu keessa keenyaa fudhachuun barataaf faana (ibsa gaha) kenninufi isaanis dhoksaa qaban yoo ibsaniifi adda baafatanidha.

Kaayyoon sadarkaa waan tokkoof bakka olaana kennuu keessaati barbaadamu baratootni amantaa tokko irratti, ilaalcha haala tokko keessatti osoo hindirqisiifamiin ykn tolee hinjedhiin amala wal fakkaataa agarsiisu. Asirraati, amalli barbaadame keessoo barattootaa irraa kan madde ta’u qaba. .

Jechoota gochaa sadarkaa murna ilaachaa, bakka ol’aanaa kennuufii ibsuu fayyadan: dalaguu, hojjechuu, falmachuu, gargaaruu, agarsiisuu, qindeessuu, itti amananii fudhachuu, ibsuu, filachuu, guutuu, fo’achuu, hordofuu, uumuu, kakaasuu, afeeruu, hirmaachuu, amansiisuu, sababeeffachuu, dubbisuu, gabaasuu of keessatti qaba.

Fakkeenyaaf murna ilaachaa, waan tokkoof bakka ol’aana kennufi irraatti ga’umsi kenname“Barattootni sa’aa mana barumsaa booda maayikrooskooppiitti fayyadamani barachuuf fedhiin ni hojjetu” jedha.

Ga’umsa kana keessatti barata/tu tokko akka sa’aa manabarumsaa booda maayikrooskooppiitti fayyadamani sa’aa mana barnota booda barachuu bakka ol’aanaa kennuuf bu’a irraa argatan xiixalanii itti amananii fudhachuu yoo dnada’anidha. Gaafa sana barattotni sa’aa mana barumsaa booda bakka ol’aanaa kennan jenna.

  1. Murna ilaachaa: Qindeessuu: Waa qindeesuu jechuun yaada ykn qaama bittinnaa’a tookko walitti fiduun qaama sirna qabu tokko gochuu of keessatti qaba. Kanaaf, qindeessuu keessatti barattootni qabiyyee baratan irratti murtee kennuu, ejjennoo fudhachuufi filachuu danda’uu isaanii agarsiisa. Barattoota irra kan eegamuu waan jaallataniifi filatan qindeessuufi akkasumas kamtu hunda irra caala jedhanii murteessuudha.

Jechoota gocha sadarkaa qindeessuu agarsiisan walitti maxxanuu, jijjiiramuu, qindeessuu, dorgomsiisuu, guuttachuu, seera tumuu, yaada waligalaa kennuu, murteessuu, filachuu, qajeeluu hammata.

Waan tokko qindeassuuf, dursa fudhachuufi bakka ol’aanaa kennuu barbaachisa. Sana booda waltitti fiduun qindeessuun ni dand’ama. Kanaaf sadarkaan qindeessuu baka ol’aanaa kennuu irraa wal-xaxaadha.

Fakkeenyaaf, murna ilaachaa, qindeessuu irraatti ga’umsi kenname“Barattootni amaloota lammuummaa gaarii diinqisiifachuun ittiin jiraachuu ni murteeffatu” jedha.

Ga’umsa kana keessatti barataan/ttuun barataan/ttuun barataan/ttuun tokko lammummaa diqisiifatanii ittiin jiraachuuf murteeffachuuf, waa’ee lammuumaa yaadda garaagaraafi bu’a isaa

akka yerga baratanii booda kana hundumaa walit qindeessuun murteeffatu jechuudha. Murteeffatanii ittiin jiraachuu barattoota adeemsa keessa addaan baafama jechuudha.

V. Murna ilaachaa: Amaleeffachuu:

Waan tokko akkamitti amaleeffachuun danada’ama? Amala kitaaba dubbisuu ni qabdaa?

Amaleeffachuu jechuun waan tokko faayida naaf qaba jechun fedhii ofiitin amananii fudhachuun jireenya keessatti ofitti madaqafachuun guyyaa guyya keessatti rawwachuu jechuudha. Kanaaf ammaleefachuuf dursa fudhachu, waan ammaleeffatamu sun jireenya kiyya keessatti bakka ool’aanaa qaba jedhanii amanuu, yaada ofii qindeeffachuu booda qalbii ykn ilaacha dhufuu danda’udha. Sadarkaa ilaacha keessatti amaleeffachuun danda’uun isa baa’ee wal-xaxaadha.

barattootni ammala fudhatamaafi gaarii akka ammaleeffatan (amala dhuunfaa, hawaasummaafi sansakaa) irratti xiyyeefata. Sadarkaa kanatti barattotni dagaagina ammala gaarii dhuunfaa mirkaneeffachuu, eeyyama ilaalcha addunyummaa kanneen akka uumama hawaassafi falaasama jireenyaa horatu.

Jechoota gocha sadarkaa amaleeffachuu ittiin ibsuu dandenyu: lapheen fudhachuu, diduu, ofirra ittisuu (mormuu), agarsiisuu, to’achuu, furmaata kennuu, uummatatti agarsiisuu, fayyadamuu, keessa deebi’uu, tarkaanfii fudhachuu, addaan baasuu, mul’isuu, dhiibbaa gochuufi shaakaluudha.

Fakkeenyaaf, murna ilaachaa, amaleeffachuu irratti ga’umsi kenname“Barattootni mana barumsaa keessatti hariiroo waliinii gaarii ta’e ni agarsiisu” jedha.

Ga’umsa kana keessatti barataan/ttuun barataan/ttuun barataan/ttuun tokko hariiroo garii barattoota biro waliin qabachuuf yaadafi amala barattoota garaagaraa beekuun na faayyadafi bu’a hariiroo gaarii qabachuu erga baratanii booda kana hundumaa itt amaniin murteeffatu jechuudha. Hariiroo garrii amaleeffachuu barattootaa gachaa isaan raawwatan irraa hubatamuu ni danda’a.

Murni ilaalchaa sadarkaalee shan qaba. Murni kun salphaafi cima qaba. Tartiibni sadarkaalee murna ilaalchaa salphaa irraa gara cimaatti kanneen aramaan gadiitti. Isaanis: 1. fudhachuu, 2. Deebisuu 3. Soneessuu 4. Qindeessuu 5. amaleeffachuu jedhama.

Qaama keenya keessaa yaad-qalbiin onneedhaan bakka buufama. “Onnee kiyya irraan  si jaalladha ykn si jebba” jedhama mitiirre. Kanaaf, murnaalee yaad-qalbii fakkii armaan gadiitiin agarsiisuun ni danda’ama.

Fakkii 4.2: Murna yaad-qalbii

4.6.3. Murna Qaam-sochii Barnootaa

Barnoonni qaama sochuusuun baratan kanneen akkamiiti? Ogummaan maali, akkamitti baratama?

Namni tokko ogeessa cima cimaadha yoo jedhamu maal jechuudha?

Murni qaam-sochii (Afaan Ingiliziitiin Psychomotor domain jedhama) kun dagaagina ogummaa irratti xiyyeeffata. Adeemsa barachu keessatti murni qama-sochii jedhu kun qaama sochoosuun kan baratamuufi ogumma sochii qaama hammata. Ogummaan qaam-sochiiirraa argamuu shaakalluudhaan dagaaga. Waluma galatti, amalli murna qaam-schii sadarkaalee fiixaa bahuu qindoominafi ribuufi hidda dhiigaa wajjin kan wal-qabatuu irratti xiyyeffata. Guddini barachuu qaam-sochii safisaan hojjechuu, fageenyaan sirriinaan, tartiibessuun, qindoomina ykn ammoo tooftaa barbachisa ta’an burqisiisuun safarama.

Fakkeenyaaf, barreeffama harkaa, barreeffama dubbisuu, saffisaan kaachoo (fiigicha), kubbaa dhiituu, bishaan daakuu, waa sirritti safaruu safaruu, herregaa keessatti boca kaasuu, farad dhahachuu, konkolaata oofuu of keessatti haammata.

Murna barnoota lammaan (yaada-sammuufi ilaacha) baa’ee ol’aana qabaanu illee ogummaa barbachisu hinqabnu taanaan hojii jirrenyaaf qabatamaatti nu faayadu hojjechuu hindaanyu. Fakkeenyaaf, beekumsa yaad-hiddamaa hanga barbaadne qabaannu illee ogummaa waa hojjechuu malee beekumsi keenya guutuu ta’uu hindanda’u. Murni qaam-sochii sadarkaalee shanitti

qoodama.    Isaanis,    akkeessuu    (Imitation),    sosochoosuu     (Manipulation),     sirreeffachuu

(precision), qindeessuu (articulation), Uumuu (naturalization).

  1. Murna qaama-sochi: Akkeessuu Barataan ogummaa ilaaluun ykn daawwachuunfi irra deebi’uun hojjechuun yaaluudhan kan baratamu. Ogummaan akkeessuu afaan, tapha, hawaassumma barachuuf baa’ee barbaachisa. Akkeessuun nama waa hojjetu daawwachuun waan namnii sun hojeete sana irraa deeddebi’un fakkeessuun hojjechuun baratama.

Ga’umsi qaam-sochii akkeessun baratamu kun sadarkaa barattoota gocha mul’atutti kallatiin saaxiluufi deebisanii ibsuudhan hammata. Fakkeenyaaf, faayidaa maayikirooskoppii agarsiisaan sigigoo/ mucucoo saahina diriiraa ilaallata fakkeenya (specimen) irra kaa’uun agarsiisuuti. Sadarkaa kanatti, barattoota irra kan eegamu wanta gocha tokko ijaan arganii daawwachuufi irra deebi’aanii hanga sirriitti hojeetaniitii yaluudha. Sadarkaa kanatti kan hafu qindoominaa ribuufi hidda dhiigaan wal qabatuudha.

Jechootni gochaa akkeessuu ibsuuf gargaaran garagalchuu, baay’isuu, irra deebi’uu, dabarsuu, yaadasaa argachuu, madaaluu, liqimsuu, afuura galfachuu, hordofuu, ka’uu hammata.

Fakkeenyaaf, murna qaam-sochii akkeessu jedhamu irraatti ga’umsi kenname, “Barattootni jecha Afaan Ingliizii, ‘EXERCISE’ jedhu barsiisaan  yoo dubbisu, akka barsiisaatti dubiisuu baratu” jedha.

Ga’umsa kana keessatti barataan/ttuun barataan/ttuun barataan/ttuun tokko sagalee barsiisaa dhaggeeffachuufi irraa deddeebi’uun dubbatu. Dabalees erga barsiisaan deemees qofaatti akka barsiisaatti dubisuun shaakalu.

  1. Murna qaama-sochi: Sosochoosuu Sadarkaan kun qajeelfama hordofuun gocha tokko raawwachuu danda’u hammata. Waan tokko (meeshaa, odeeffaanoo) bu’a argachuuf jecha ogummaadhaan qaqqajeelchuu, to’achuu ykn dhiibba irraan gahu agarsiisa.

Sadarkaa kanatti barattoota irra kan eegamuu gochaa filatamaa barreeffame ykn qajeelfama afaanii osoo waan ijaan argamuu ykn kallattiin daawwaannuu hingargaaramniin raawwachuudha. Barattootni gocha dubbisaniifi qajeelfama dhageeffatan guutuu jechoota gocha sosochoosu ibsuuf fayyadan: qajeelfamaa hordofuun hojjechuu shaakaluu, raawwachuu, dhugoomsuu kkf. ta’u.

  1. Murna qaama-sochi: Sirrina: Hojii tokko kallttii qixa kennameetti sirriitti hojechuun agarsiisuu ilaala. Sadarkaa kanatti barattootni dhuunfaan ogummaa waa raawwachuu ykn sirrinaan oomishuutu irra eegama. Murna sirrinna keessatti hanga danda’ametti dogogorra uumamuu malu xiqqeessuudha. Sirrina keessatti, fakkeenya mul’atu ykn qaajeefama barreeffamaa malee gochaa dhuunfaan raawwaachuutu barattoota irraa eegama. Fakkeenyaaf,

meetiraan dheerina tokko yoo safaruu dherrina barbane sana sirriitii argachuutu nu irra jira. Muuxanno keenya keessa, yoo wara huccuu hodhuu biratti hodhisiiffannu takka takka nut dhiphata, takka takka ammo nuutti bal’ata. Haala akkasii keessastti, sirriina kun sirrina hinqabuu jenna. Sirriin dheerina tokkoo al-takka safaruu irra yoo irra deddebine safarree sirrina arganna. Safara keessatti, safarriin adda addaa yoo baa’ee walitti dhihaatan, saffarriin sun sirriidha jenna. Kanaaf, saffarriin of eeggannoo cima barbaada. Kanaaf egaa Ormoon “Al kudhan safarii, al takka muri” jedha mitiiree.

Sadarkaan qaam-sochii sirrina sadarkaa sosochoossuu irraa ni cima. Jechootni gocha sirrina agarsiisan: dogoggora malee, wal-qixxeessuu, qajeelchuu, calaluu, galma gahuu, caaluudha.

Fakkeenyaaf, murna qaam-sochii sirrina jedhamu irraatti ga’umsi kenname“Barattootni doggoggora qubee malee keeyata tokko barreessu” jedha. Ga’umsa kana keessatti barataan/ttuun tokko osoo sirrina qaba/ qabdi jechuuf doggogorri qubee tokko mul’alchuu hinqbau.

  1. Murna qaam-sochii, Qindeessuu: Sadarkaa kanatti barattoonni gocha lamafi lamaa ol ta’an battala tokkotti dalagu danda’u agarsiisa. Fakeennyaaf, gocha tokko harka bitaan kan biroo ammoo harka mirgaan sosochoosuudhaan duura duubaafi qindoomina barbaachisu to’achuun dalaguu danda’u. Kan malees dagaagina ogummaa ol’aanaa, saffisaafi yeroo kenname keessatti raawwatuu hammata.

Jechoonni gachaa ogummaa qindeessuu agarsiisuuf fayyadan: qindomina,ofitti amanuu, saffiisaa, wal-madaalaa, jabina, waliigaltee, sirreessuu, yeroon raawwachuu, akka wal simuu taasiisun jijjiruu, qixeessuufi caaluu kanneen fakkaataniidha.

Fakkeenyaaf, murna qaam-sochii qindeessu jedhu irraatti ga’umsi kenname“Barattootni kuubbaa miilaa mataa isaanitiin rukutuun gara mirgaaf bitaatti ni dabarsu” jedha. Ga’umsa kana keessatti barataan/ttuun tokko ga’umsa kana bira ga’uuf, qindoomina yaadafi qaama qabaachu qaba/qabdi. Murna qaam-sochii, qaam-Uumamaa: Kana jechuun ogummaan tokko shaakalli yeroo dheeraa keessa yoo akka qaama uumama ta’e itti fayyadamuun dandame jechuudha. Sadarkaa kanatti barataan waan shaakkalliifi muuxxannoon sadarkaa ol’aanaa irra waan ga’uuf, ogumma horatan sana akka qaama isaanii

waliin uumameetti osoo baa’ee itti hincinqmiin ofitti amanamummaan jireenya isaaniitti keessatti raawwatu. Yeroo hundaa sochii barbadame sana haala salphaa ta’een raawwatu, hindagatanis.

Fakkeenyaaf 1: Namni tokko tokko farda yoo argu fagootti baqachuu danda’a. Tokko tokko ammoo farda yaabbachu ni sodata, yoo yaabbates irraa kufuu danda’a. Haa ta’u malee, Oromtichi Obbo Lammaa Nugusuu jedhamu Fuulbana 5, 2011 (ALI) magaalaa Finfinnee keessatti farda isaa miila fuul-duraa samitti ol dhaabsisee kottee lama qofaan dhaabee gamoon walqixxeessee ummata

ajaa’ibsiise. Obbo Lammaan qotee bulaa yoo ta’u, bakki dhalootni isaa Shawaa Lixaa, Aanaa Ada’a Bargaati. Egaa dandeetiin akkasii akka tasaatti osoo hin taane, ifaajiifi shaakala yeroo dheerratiin horatama. Namni hundi itti yaadee, yeroo kenneefii gocha tokko osoo walirraa hin kutin yeroo dheeraaf yoo shaakale ogummaa ajaa’iba ni gonfata.

Fakkeenyaaf 2: Barataan tokkoo biskileettii oofuu yoo jelqaba shaakalu baa’ee sodata, yeroo heddu kufa, of irraafi nama irraan bala geessissu dada’a. Haa ta’u malee shaakkalli yeroo dheeraa keessaa isa dur ittii cichee harkaan lamaan

qabatu, bood harka lamaan gad-dhiisee osoo hinciqamin bashannanaa konkolaachisa. Yeroo kana ega barataan kun biskileettiin akkuma waan miila isaa waliin uumamteetti geejibaaf itti jenna. Namni tokko biskileetii oofuu yoo baa’ee shaakale, akroobaatii iyyuu hojjechuu ni dandada’a.

Jechootni gochaa sadarkaa qaam-uumama ibsuuf fayyadan: qindeessuu, waliin makuu, ijaaruu, uumuu, wixineessuudha.

Fakkeenyaaf, murna qaam-sochii qaam-uumamaa jedhamu irraatti ga’umsi kenname, “Barattootni yeroo dorgommii kubbaa miilaa sirriitti walii dabarsuun goolii galchuun ni injifatu” jedha. Ga’umsa kana keessatti barataan/ttuun tokko akka garriitti kubbaa miilaa taphachuun goolii galchuun injifichuuf, of kennuun yeroo hedduu shaakaluutu irraa eegama jechuudha.

Murni qaam-sochii sadarkaalee shan of keessaa qaba. Sardarkaa salphaa irraa gara walxaxaattii:

1.   Akkeessuu 2. Fakkeessuu 3. Sirreessuu 4. taasisuu 5. uumuu.

Qaama sochoosuun hojiin raawwataman harkii gar caalaa waan qooda fudhatuuf, murni qaam- sochii qaama keenya keessaa harakan bakka buufama. Kanaaf murnaalee qaam-sochii fakkii armaan gadiitiin agarsiisuun ni danda’ama.

Fakkii 4.3: Murna Qaam-sochii

SadarkaaSadarkaa murna barnootaaJechoota gochaa sadarkaa murna barnoota ibsan
   
   

4.7.            Akaakuuwwan Karoora Baruu Barsiisuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Hariiroofi garagarumma karoora waggaafi karoora barannoo gidduu jiru adda baasun ni fayyadamu.

Barumsa keessattii, karoorrii waggaa maalini? Barumsa keessattii, karoorrii barannoo malinni?

Karoorri baruu-barsiisuu heedduun jiraataniyyuu mana barumsaa keessatti barsiisotaan kan qophaa’anii hojiirra oolan bakka lamatti qoodamu. Isaanis:

  1. Karoora Barnoota Waggaa
  2. Karoora Barannoo ykn Karoora Wayitii
  3. Karoora Barnoota waggaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Caacculee karoora barnoota waggaa keessatti haammatamuu qaban adda baafachuun karoora waagga ni qopheessu.

Karoorri waagga hojiiwwan baruu-barsiisuu waggaa tokko keessatti gaggeeffamuuf kallattii agarsiisuuf tajaajila. Karoorri baruu-barsiisuu waggaa karoora waggaa barnootaa tokkoof qophaa’udha. Karoorri waggaa barsiisota akaakuu barnoota san barsiisaniin qophaa’a.

Karoorri waagga osoo waggaan barnootaa haarawaa tokko osoo hineegalin qophaa’a. Fakkeenyaaf, karoorri waggaa bara barnootaa 2011 ALH, xumura bara barnootaa 2010 ALH qophaa’ee qaama ilaallatuun mirkanaa’ee galii ta’uu qaba.

Karooraa waggaa maal irraa qophaa’a? Karooraa waggaa akkamitti qophaa’a?

Meeshaaleen karooraa baruu-barsiisuu waggaa qopheessuuf barbaachisan gabatee armaan gadii keessatti agarsiifaman.

Meeshaalee barbaachisanWaantoota isaan of keessatti qabatan
Siilabasii barnootaaGa’umsa (kaayyoo gooroo)fi GBYXBQ (kayyoo gooree), barachuu barattotaa boqonnaa, bara, qabiyyee, malleen baruu-barsiisuu, baayina wayitii, gochaaleefi meeshaalee baruu barsiisuufi tooftaalee iyyaafannoo.
Kitaaba barataaKanneen siilabasii keessatti heeramaniifi gochaalee adda addaa.
  Qajeelcha barsiisaaBoqonnaawwan barsiifaman, beekumsa dug-duubaa, deebilee gaaffiiwwan kitaaba barataa keessa jiranii, meeshaalee baruu-barsiisuu gargaaran garaagaraa, gochaalee barattootaan raawwatamuu qaban, malleen baruu- barsiisuu, tooftaalee iyyaafannaa.
Sagantaa (Kaalaandarii) barnootaa  Guyyaawwan barnootaa waggaa keessatti argaman.

Qophii karoora barnoota waggaa salphisuuffi waaltessuf unka waliigalaa ni barbachisa. Unkaan kgabatee armaan gaditti kennamee jira.

Unka Karoora Waggaa

Maqaa mana barumsaa:                                                Maqaa barsiisaa:                              Gosa barnootaa:                                                                  Kutaafi daree barnoota: _    

Bara barnootaa:                                           Baayina wayitii waggaa:           Baayina wayitii toorbanii:                                                      

SamisteeraJi’aToorbanGuyyaa    Mata- dureewwan    Qabiyyeewwan  Ga’umsa (Kaayyoo gooroo)  Malleen baruu -barsiisuuMeeshaalee deggersa barnootaa  Tooftaalee iyyaafannoo
          
          
          

Maqaa barsiisaa:                                                          Mallattoo:             Guyyaa:                        Yaada                       Itti                       gaafatamaa                       Muummee                        barnoota:

Mallattoo:                          Guyyaa:                       

Yaada Itti Aanaa hogganaa mana Barumsaa:

Mallattoo:                        Guyyaa:                               

Text Box: Gocha 4.10: Hojii Dhuunfaa
1.	Akka gosa barnoota keessaniiti kitaabilee barataa kutaa 1 – 4 keessa kankutaa tokko filachuun karoora waggaa qopheessaa.
2.	Karroora dhuunfaan qopheessitan gareen nama shaniin walitti fidaati mari’adha.
3.	Karoora wagga tokkoo cuunfatii barsiisaa keessanitti barreeffamaan gabaasa.

2.     Karoora Barannoo ykn Karoora Wayitii

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Ulaagaalee karoorri barannoo tokko guutuu qabu hubachuun karoora barannoo ni qophheessu.

Baruu barsiisuun yeroo irratti hunda’aa. Kanaaf barnootn waagga tokko keessatti barattootaaf kennamu ji’atti, torbanitti, guyyaattiifi wayitiitti ciccitee dhiyaata. Si’ana manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti wayitii tokkoo jechuun barumsa daqiiqaa 40f gaggeeffamuuf jedhamee ibsama. Kanaaf wayitiin tokko daqiiqaa 40 jechuudha.

Yeroon kun gabaabaa ykn dheeraa ta’u ni danda’a. Bal’achuun ykn dheerachuun yeroo barumsaaf oolu barsiisaafi karoora barannoo irratti hundaa’a. Kanaaf wayitii tokko bu’a qabeessa gochuuf sirritti itti yaadamee qophaa’u qaba.

Karoorri barannoo (Afaan Ingiliiziitiin “Lesson plan” jedhama) adeemsa baruu–barsiisuu wayitii tokko qophaa’udha. Karoorri wayitii karoora waggaa irratti hundaa’ee qophha’a. Karoorri kun tokkoon tokkoon gocha barsiisaafi barataa qajeelchuufi kallatti adeemsa baruu-barsiisuu wayitii tokko keessatti raawwatamu agarsiisa.

Karoorra barannoo qulqullu tokko qoheessuf ulaagaa maali ilaalu qabna?

  1. Karoori baranoo tokko yoo qopheessinu kanneen armaan gadii of keessatti qabachu qaba.
    1. GBYXGQ (kaayyolee gooree) murna barnoota sadeen (yaad-sammuu,
    1. yaad-qalbiifi Qaam-sochii)
  2. Dabaleess karoorri barannoo tokko ulaagalee armaan gadii guutu qaba.
  3. Karorri barannoo gooree ta’u qaba. Kana jechuun daqiiqaa 40 keesssatti barnoota bu’a qabeessa ta’e tokko barsiisuuf ifatti waanmurtaa’ee tokko (Specific)irratti xiyyeeffachuu qaba.
  4. barannoo safaramuu kan danda’u ta’uu qaba. Barachuun barattootaa qixa GBYXGQ tiin safarama. Kana jechuun yeroo karoorsinu, eessa ga’uuf akka kaane ni beekna. Kanaaf, barachuun barattoota kan safaramu barattotni bakka ga’umsa barbaadame sana gahani moo

hingeenye jechuun iyyaafanne odeeffannoo funaanchuun saffarra. (Afaan Ingliziitiin “Measurable” ta’u qaba jedhama)

  • Karoorri barannoo kan bira gahamuu danda’u qaba. Karoorri lafa bira ga’uuf jedhani kan lafa kaa’u waan ta’eef yeroo murtaa’e (daqiiqa 40) sana keessatii xumuramu qaba. (Afaan Ingliziitiin “Attainable” ta’u qaba jedhama)
  • Karoorri barannoo dhugaarratti kan hundaa’e ta’u qaba. Kana jechuun qabatammatti itti ba’iinsi isaa beekamu qabbachuu. Itti dabalees jireenya keessatti waan calaqisu ta’u qaba. (Afaan Ingliziitiin “Realistic” ta’u qaba jedhama)
  • Karoorri barannoo yeroon kan daanga’e ta’uu qaba. Barsiisn gadhiisa ta’u hinqabu ykn yeroodhaan murtaa’e qaba. Kana jechuun yeroo murtaa’e (daqiiqa 40) keessati waan baratamee xumuramu yeroo sana waliin deemu qaba.(Afaan Ingliziitiin, “Time bounded”ta’u qaba jedhama)

[Afaan Ingiliiziitiin jechoota barreeffaman: Specifi, Measurable, Attainable, Realistic, Time-bounde, yoo qubee jalqabaa isaanii qofaa fudhanne gabaajee “SMART” jedhu arganna. Kannaaf karorri barannoo SMART ta’uu qaba jenna].

Akkaakkuwwan Karoora Baranoo

Yaad-hiddama barachuu barattoota gurgguddoofi beekammo lamatu jira. Isaanis kanneen armaan gadiiti.

  1. Yaad-hiddama warraa Konistiraaktiivistootaa
  2. Yaad-hiddama warra Beheeviiristoota
  1. Yaad-hiddama Barachuu warraa Konistiraaktiivistootaa

Yaaa-hiddamni kun hayyuu barnootaa Jee’an Piyyajet jedhamuun kan lafa kaa’amesfi addunyaa irratti fudhatame kan argate jirudha. Yaadni bu’uura Piyyajet Daa’imman qabatamatti waa hojjechuufi muuxannoo isaanni irraa beekumsa ijaarraacha deemu malee namootni gurggidaann waa’e naannoo isaanii waan ittii himanirraa miti” jedha. Gatii barachuun barattota beekumsa wal-irratti ijaarachuu ta’eef yaad-hiddama “ijaarsa beekumsa ykn Konistiraaktiivist” jedhamee waamama. Kana jechuun, barachuu daa’immanii keessatti gaheen barsiisotaa muuxannoo barachuu isanii irraa karaa itti agarsiisuufi daa’imman offi isaann yaadani

akka rakko furan carraa kennudha jechuudha. Dabalees, barsiisonni dogoggora barattotaa akka carraatti ilaaluun barattoota biroo waliin hojjechuun akka baratan carraa banudha. Ademsa tattaaffi barachuu barattoota keessatti barsiisonni iyyyaafannoo walitti fufaa fayyadamuunfi degeersa barbaachisa kennudha. Kanaaf yaad-hiiddamni konistiraaktiivistootaa ga’umsa barachuu barattota irratti bu’uureffama. Akka ilaalcha warra konistiraaktiivistootaatti moodelli barachuu daa’immanii akka armaan gadiitti agarsiifamee jira.

Akka yaad-hiiddama konistiraaktiivistootaatti moodelii barachuu daa’immani

Maqaan yaad-hiddamni kanaa Konistiraaktiiviism yoo jedhamu namootni yaad-hiddama kan fudhatanii hordofan ammoo Konistiraaktiivistoota jedhamanii waamamu.

Burumsa akkasii keessatti barattootni hirmaachaa si’ayinaan baratu. Yaad-hiiddamni Konistraaktiivistootaa murna barnoottaa kanneen cimaa ta’an irratti xiyyeefata. Fakkeenyaaf, akkoo hiikuu, xiinxaluu, haala qabataa irratti hirkachuu

Yaad-remee yaad-hiddama ijarsa beekumsaa bakkan gau’uuf karooraa barannoo mataa isaa damnda’e qaba. Karoorri kunis karoora barannoo Konistiraaktiivistootaa jedhamee waamama. Unkaan karoora barannoo Konistraaktiivistootaa akka armaan gadittii dhiyaatee jira.

Unka Karoora Barannoo Konistiraaktivistootaa

Maqaa mana barumsaa:                                                Maqaa barsiisaa:                              Kutaafi daree barnoota: _                                                 Gosa barnootaa:                         

Guyyaa:                                          Dheerina wayiitii:          

Boqonnaa:                           

Ga’umsa barachuu yoo xiqqaate gonfatamuu qabu (GBYXGQ):

Qabiyyee barnootaa  Gulantaa Gocha  Mala Bruu- brsiisuuMeeshaa deggersa barnoota  Iyyaafannoo
YerooBarsiisaaBarataa
 Kakaasuu/dadammaqsuu      
Hirmaachisuu+ Ibsuu      
Addeessuu      
Iyyaafannaa xumuraa      

Maqaa barsiisaa:                                                          Mallattoo:             Guyyaa:                       

Yaada Itti gaafatamaa Muummee barnoota:

Mallattoo:                          Guyyaa:                       

Yaada Itti Aanaa hogganaa mana Barumsaa:

Mallattoo:                        Guyyaa:                               

Fakkeenya Karoora Barannoo Konistiraaktiivitootaa

Maqaa mana barumsaa: Oliyaad sadarkaa 1ffaa Guyyaa: Fulbana 25, 2011 Maqaa barsiisaa: Lammiin Booni                                                                        Dheerina wayitii:daqiiqaa40 Kutaafi daree barnoota: 3A

Gosa barnootaa:    Saayinsii NaannooBoqqonnnaa: Tokko Mata duree: Qulqullina dhuunfaa keenyaa eeggachuu GBYXGQ: Xumura barannoo kanatti barattootni:

ü  Maalummaafi faayidaa qulqullina dhuunfaa hubachuun qulqullina isaanii ni eeggatu.

Qabiyyee  Gulantaa        YerooGocha  Mala Baruu- barsiisuuMeeshaa deggersa barnootaaaIyyaafannaa
  Barsiisaa    Barataa
Qulqullina    dhuunfaa keenyaa eeggachuu, maalummaa, faayidaaKakaasuu/ dadammaqsuu        5’ü mata duree darbe yaadachiisuufi qabiyyee guyyaan walbarsiisuu ü KN, Barattootaa yeroo darbe waa’ee maalii baranne? ü Harra’a immoo waa’ee baranna. ü Wee waa’ee mata-duree kanaa waan beektan himaa.§ Qabxilee ijoo barnoota yeroo darbee himuu § Barnootaaf qophaa’uu § Dhuunfaan                              gaaffii dhiyaate deebisuu § Mata-duree guyyaarratti                                waan beekan dubbachuu    Gaaffii afaanii       Gaaffii afaanii
 Hirmaachiss+ Ibsuu                25’ü Barattoota gareetti qooduu, ü Mata duree marii kennuufii ü Yaada garee adda addaan dhiyaate                               kallattii qabsiisuufi ibsa kennuu ü Yaadannoo                          gabaabaa kennuu  § Garee                            isaniin maalummaafi faayidaa qulqullina dhuunfaa irratti mar’achuu. § Yaada mare isaanii dhiyeessuu § Ibsa barsiisaa irraa yaadannoo qabachuu § Qulqullina dhuunfaa eeggachuu                              irratti gaheetaphachuu.Gaaffiifi deebii     Marii garee       Gahee taphachuu       o ibsa boqotaa  Bishaan, saamunaa    Gareerra naanna’uun hirmaannaa dhuunfaa barattootaa madaalu, kallattii marii isaanii qajeelchuu
  Addeessuu    5’ü aalummaa                             qulqullinaa ibsuu, ü hukkuba                                 hir’isuufi fayyumaa qabaachuu      Marii gareefi gudunfaa barsiisaan                          dhiyeesse walitti firoomsuu        Mala ibsa Qaama dhiqachuuf i         ilkaan rigachuu, huccuu qulqulluu uffachuu maaliif fayyada?
 Iyyaafannaa xumuraa        5’ü ulqullina                           dhuunfaa eeggachuu dhiisuun rakkoo maalii fida? ü ulqullina ofii eeggachuuf maal maal gochuu qabna?Gaaffilee                          dhiyaataniif deebii kennuugaaffiifi deebii  

Maqaa barsiisaa:                                                          Mallattoo:             Guyyaa:                       

Yaada Itti gaafatamaa Muummee barnoota:                                                                           

Mallattoo:                          Guyyaa:                        Yaada Itti Aanaa hogganaa mana Barumsaa:                                                                                   

Mallattoo:                        Guyyaa:                               

  • Yaada-hiddama Barachuu warraa Biheeveeristootaa

Yaad-hidama barachu irratti warri Biheeveeristootaa addunyaa keessatti gahe gudda taphatu. Bu’uurii yaad-hiddama kana “Barsiisonni odeeffaannoo barattootaaf kallattiidhaan kennanii darbu b, arattoniis deebii siirri tokko qofaa akka deebisan irratti xiyyeffatu”. Kan jechuun beekumsi barsiisaa irraa gara barataati. Barattooni waan barsiisaan jedhe qofa fudha malee ofii isaaniitti barachuu isaanii irratti hinhirmaatan. Kara bira ammoo barattoonni akka qodaa duuwwaa yoo itti naqan garuu hammachuu danda’utti kan ilaalaman yoo ta’u barsiisaan ammoo burqaa beekumsa ittii guutu ta’eet ilaalama.

Gatii barachuun amala irratti hunda’eef yaad-hiddama kun “amaleefachu ykn biheeviirist” jedhamee waamama. Kanaafis, yaad-hiddamni kun barsiisuu amaleeffatame ykn  barsiisu aadawaa jedhamee beekama. Kanneen yaad-hiddama kana fudhatani biheeviiristi yoo jedhamanyaad-hiddamni isaa ammoo biheeviirisim jedhama.

Yaad-hiiddamni biheeviiristii murna barnootaa kanneen salphaa irratti xiyyeefata. Fakeenyaaf, yaadachuu, ibsuu, addeessuufi gudunfuu. Waluma galatti yaad-hiddamni kun barattotni si’ayinaan akka baratan carra hinkennu.

Barsiisonni dogoggora barattota akka badiitti kan ilaan yoo ta’u barattotni dhuunfaandhaan qofatti akka hojetan dirqisiisa. Akakuun iyyaafannoon barachuu barattota hojii irra oolu qormata xumuraa irrattiin madaalama.

Yaad-hiddama isaani hojiitti jijjiiruuf biheeviiristoonii karooraa barannoo mataa isaa danda’uu qaba. Karoorri kunis karoora barannoo biheeviiristoota jedhamee beekama. Unkaan karoora barannoo biheeviiristoota akka armaan gadittii dhiyaatee jira.

Unka Karoora Barannoo Biheeveeristootaa

Maqaa mana barumsaa:                                                Maqaa barsiisaa:                              Kutaafi daree barnoota: _                                                 Gosa barnootaa:                           Kaayyoo barachuu barattootaa:

Guyyaa:                                           Dheerina wayiitii:                   

Boqonnaa:                           

Qabiyyee barnootaa  Gulantaa  YerooGochaMala Baruu- barsiisuuMeeshaa deggersa barnootaaIyyaafannaa
BarsiisaaBarataa
 Seensa      
Dhiyeessuu      
Cimsuu      
Madaallii      

Maqaa barsiisaa:                                                          Mallattoo:             Guyyaa:                       

Yaada                       Itti                       gaafatamaa                       Muummee                        barnoota:

Mallattoo:                          Guyyaa:                       

Yaada Itti Aanaa hogganaa mana Barumsaa:

Mallattoo:                        Guyyaa:                               

Fakkeenya karoora barannoo/wayitii (Akka warra Bi’eeveristiitti)

Maqaa mana barumsaa: Oliyaad sadarkaa 1ffaa Guyyaa: Fulbana 25, 2011 Maqaa barsiisaa: Lammiin  Booni                                                                        Dheerina wayitii:daqiiqaa40 Kutaafi daree barnoota: 3A

Gosa barnootaa:    Saayinsii NaannooBoqqonnnaa: Tokko Mata duree: Qulqullina dhuunfaakeenyaa eeggachuu Kaayyoo: Xumura barannoo kanatti barattootni:

Maalummaafi faayidaa qulqullina dhuunfaa ni ibsu.

    Qabiyyee  Gulantaa  Yeroo  Gocha  Mala Bruu- brsiisuuMeeshaa deggersaIyyaafannaa
  BarsiisaaBarataa
Qulqullina   dhuunfaa keenyaa eeggachuu, maalummaa, faayidaaSeensa  5’Barnoota darbe yaadachiisuuMata           duree                     guyyaan walbarsiisuufi isa darbe waliin wal-qabsiisuu§ Barnoota darbe yaadachuu    Od-ibsa       Gaaffii afaanii
Dhiyeessuu  25’Mata duree guyyaa irratti ibsa kennuu.Qabsiisa kennuu§ IBsa   kennamu dhaggeeffachuu § Yaadannoo fudhachuuOd-ibsaAgareeBishaan, saamuna afi kkf  Gaaffii afaanii
Cimsuu5’-Qabxilee ijoo irra deebi’uun yaadachiisuuQabxilee ijoo isaan milqan qabachuu  Mala-ibsa  
 Madaalli i  5’Qulqullina dhuunfaa eeggachuu dhiisuun rakkoo maalii fida?Qulqullina      ofii      eeggachuuf maal maal gochuu qabna?-Gaaffilee dhiyaataniif      deebii kennuugaaffiifi deebii  

Maqaa barsiisaa:                                                          Mallattoo:             Guyyaa:                           Yaada Itti gaafatamaa Muummee barnoota:                                                                                   

Mallattoo:                          Guyyaa:                        Yaada Itti Aanaa hogganaa mana Barumsaa:                                                                                     

Mallattoo:                        Guyyaa:                               

Gocha 4.11: Hojii Duunfaa
  • Garaagarummaa yaad-hiddama konistiraaktiiviistootafi biheeviiristoota giddu jiru walbira qabuun irratti mari’adha.
  • Garaagarummaa karooraa barannoo/wayitii konistiraaktiiviistootafi biheeviiristoota giddu jiru walbira qabuun irratti mari’adhaatii cuunfaa marii keessanii barattoota dareef keessaniif diyeessa
  • Ciminafi hanqina karoora konistiraaktiiviistootafi biheeviiristoota xiinxala.
  • Mana barumsaa isinitti dhihoo jiru deemuun karroora barnoota mannii barnoota fayadama jiru gaafachuun fudhada.
    • Karoorri barannoo hojiirra olaa jiru xiixaluun karoora konistraaktiiviistoota yknkan karoora biheeviiristoota ta’uu isaa adda baasaa.
    • Cinaafi hanqina karoora mana barkeessaati hojii irra oola jiru xiinxaluun addaan baasaaat sababaan deggaruun dhiyeessaa.

5. Karoora waggaa qopheessitan keessaa qabiyyee tokko filachuun karoora barannoo yaad- hiddama karoora konistraaktiiviistootafi biheeviiristoota irratti hundaa’uun lamaaniin barsiisaa keessanitti gabaassa.

Cuunfaa Boqonnaa

  • Karoorri barnootaa baru-barsiisuu bu’a qabeessa ta’e gaggeessuuf gahee guddaa qaba. Innis kaayyoo, qabiyyee, malleen baruu-barsiisuu, gochaalee barannoo, meeshaalee deeggersa barnootaa, tooftaalee iyyaafannoo/madaalli, yeroofi iddoo itti barsiifnu murteessuuf ykn filachuuf nu gargaara. Karoorri qisaasama lecalloo (meeshaalee, humna namaafi yeroo) hir’suuf nama gargaara.
  • Kaayyoon baruu barsisuu jijjiirama barbaadamee barataa irratti fiduudha. Kana jechuun waan barataan xumura barnoota irratti hojjechuu danda’udha. Kaayyoleen barannoo jijjirama barattoota irratti mulachuu qabu irratti hunda’ee ibsama. Kunis baruu-barsisuu qajeechaa, barsiisaas maaltu galma gahee ykn hingeenye jedhe hojii isaa madaaluuf gargaara. Kana malees qabiyyeen, gochaalee barannoo, malleen baruu-barsiisuu, meeshaaleen deeggersa barnootaa, tooftaaleen iyaafannoo/madaallii kaayyoo wajjiin kan deemaniifi kaayyicha bakka geesisuu kan danda’an ta’uu qabu.
  • Walumaagalatti karoora qopheessuu keessatti kitaaba barataa, silabasii, qajeelcha barsiisaafi kalaandarii barnootaatti fayyadamna. Karoora barannoo qopheessuuf karoorri waggaa bu’uuradha. Karoorri waggaa waantota waggaa keessatti baratamuu qaban hunda of keessatti qabata. Waan waggaa keessatti baratamu yeroo barnootaa semisteera 1ffaafi 2ffaaf kenname wajjiin wal madaalsisuun, semisteera lamaaf qoodama.
  • Karoorri barannoo barannoo wayitii tokko/haala rakkisaa keessatti wayitii lama keessatti dhumuu danda’u barsiisuuf gargaara. Karoorri barannoo karoora waggaa irratti hundaa’e kan qophaa’u yemmuu ta’u, ifa ta’uu qaba. Kana jechuun kaayyoo gooree murna sadan of keessaa qabutti fayydamuun qopha’a. karoora barannoo qopheessuuf unki adda addaa ni jira. Unka isa kamitti akka fayyadamnu, kaayyoo, qabiyyee barnootaa, malleen baruu-barsiisuu, dandeettiifi fedhii barattootaa, jiraachuu lecalloo, fedhiifi dandeettii barsiisaatu murteessa. Fakkeenyaaf, qabiyyeen barnootaa kan barattoonni hojjetanii barachuu danda’an yoo ta’ee, unka konistiraaktiviizimiitti fayyadamuu dandeenya. Qabiyyee hojii barattootaa hinbarbaadneefi kan barattoonni hinbeekne barsiifna yoo ta’e immoo unka biheveerizimiitti fayyadamuu dandeenya.

Shaakala Boqonnaa

I.          Gaaffilee armaan gaditti dhiyaatan hima sirrii yoo ta’e DHUGAA kanneen sirrii hintaane immoo SOBA jechuun deebisi.

  1. Ulaagaalee     gurguddoo     karoorri     qulqullina      qabu     guutuu     qabu                       keessa            tokko qabatamummaadha.
    1.   Murni ilaalcha sadarkaalee shan kan qabu yoo ta’u fudhachuun eegalee amaleeffachuun xumurama.
    1. Karoora baruu-barsiisuu qopheessuuf kalaandariin barnootaa barbaachisaadha.
    1. Himni kaayyolee gooree yeroo barreeffamu kan hammatu waanta baratamuufi jijjiirama yaad- qalbii eegamudha.

6. Beekumsi murna yaad-sammuu keessaa isa gad aanaadha.

III.Gaaffilee armaan gaditti dhiyaataniif qubee deebii sirrii qabate filachuun deebisi.

  1. Xabiyyoota karoora baruu barsiisuu armaan gadii keessaa barsiisaan sadarkaa dinagdee biyyaa ibsuu kan fayyadamuu kami?
    1. Walii-galeessummaa         B. Salphaa        C. Kaayyoo        D. Jijjiiramaa dabaluu
  2. Kanneen armaan gadii keessaa tokko damee ijoo karoora barannoo miti?
    1. Maqaa mana barumsaa       B. Mala baruu-barsisuu  C. Kaayyolee      D. Qabiyyee
  3. Xumuroota gocha armaan gadii keessaa kana adda ta’e kami?
    1. Ibsuu             B. Adda baasuu          C. Dinqisiifachuu          D. Dorgomsiisuu.
  4. Sadarkaa sadaffaa murna ilaalcha kan ta’e kami?
    1. Qindeessuu    B. Gatii kennuuf     C. Deebisuu      D. Amaleeffachuu
  5. Gaaffilee bu’uuraa karoora barnootaa keessaa, “maaliifan barsiisa” inni jedhu maal ibsa?
    1. Kaayyoo B. Qabiyyee C. Mala baruu barsiisuu D. Meeshaalee deeggarsa barnootaa

0
Created on By admin

TECS 112 Chapter 4 Quiz

TECS 112 Chapter 4 Quiz

1 / 6

TECS 112 4.1. Murni ilaalcha sadarkaalee shan kan qabu yoo ta’u akkeessuun eegalee uumuun xumurama

2 / 6

TECS 112 4.2. Xumuroota gocha armaan gadii keessaa kana adda ta’e kami?

3 / 6

TECS 112 4.3. Sadarkaa sadaffaa murna ilaalcha kan ta’e kami?

4 / 6

TECS 112 4.4. Beekumsi murna yaad-sammuu keessaa isa gad aanaadha.

5 / 6

TECS 112 4.5. Ulaagaalee gurguddoo karoorri qulqullina qabu guutuu qabu keessa tokko qabatamummaadha.

6 / 6

TECS 112 4.6. Gaaffilee bu’uuraa karoora barnootaa keessaa, “maaliifan barsiisa” inni jedhu maal ibsa?

Your score is

The average score is 0%

0%

Boqonnaa 5: Hooggansa Daree Barnootaa

Seensa

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Boqonnaa darbe keessatti waa’ee karoora barnootaa ilaallee jira. Haaluma kanaan adeemsa baruu barsiisuu keessatti karoorri baay’ee murteessa ta’uu isaa, akkasumas, karoorri sadarkaa adda addaatti kan qophaa’u ta’uu isaa illee ilaalleerra. Boqonnaa kana keessatti immoo qabiyyeewwan kanneen akka maalummaa hooggansa daree barnootaa, agarsiistoota hooggansa daree barnootaa gaarii, gosoota taa’umsa barattootaa daree keessaa, sababoota ijoo jeequmsa daree barnootaa ta’anfi tooftaalee ittisa jeequmsa daree barnootaa kanneen jedhan irratti xiyyeeffanna. Walumaagalatti, marii qabiyyeewwan armaan olii irratti gaggeeffamuun hubannoo hoogganaa daree gaarii si taasisan ni argata kan jedhu abdii guddaa qabna.

Ga’umsa boqonnaa

Xumura boqonnaa kanaatti kaadhimamtootni barsiisotaa:

  • Maalummaa hooggansa daree barnootaa ni himu.
  • Manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti mallattoolee gahumsaan daree barnootaa hoogganuu ni agarsiisu.
  • Akaakuuwwan gaggeessummaa adda ni baafatu.
  • Daree barnootaa baruu-barsiisuuf ni qindeessu.
  • Sababoota ijoo jeequmsa daree barnootaa adda ni baasu.
  • Tooftaalee hooggansa daree barnootaa ni dinqisiifatu.
  • Tooftaalee hooggansa daree barnootaa sirrii ta’eetti fayyadamuun daree barnootaa ni hoogganu.
  • Tooftaalee jeequmsa daree barnootaa ittiin ittisan hojiirra ni oolchu.

5.1.   Hiika Hooggansa Daree Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Maalummaa hooggansa daree barnoota himuu.
Text Box: Gocha 5.1: Hojii Garee

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Barreeffama armaan gadii osoo hindubbisiin dura:
1.	Jechoota mataa keessaniin hooggansa daree barnootaa jechuun maal jechuu akka ta’e,
2.	Daree barnootaa haalaan hoogganuu dhabuun dhiibbaa adeemsa baruu-barsiisuurratti qaqqabsiisuu danda’u,
3.	Rakkoo naamusaa xiqqeessuuf tarkaanfilee fudhatamuu qabu jettanirratti garee keessaniin mari’achuun waliif gabaasaa.

Hooggansi daree barnootaa ogummaa of eeggannoon daree barnootaa qindeessuu, mijeessuu, naamusa eegsisuufi to’achuuti. Daree barnootaa tokko keessatti barattoota ilaalcha, sona, bilchina, umurii adda addaa qabaniifi maatii adda addaarraa dhufantu barata. Kanaafuu, barsiisaan adda addummaa dhuunfaa barattoota gidduu jiru kana hubannoo keessa galchee daree barnootaa hoogganuu qaba. Egaa, hooggansa daree barnootaa jechuun baruu-barsiisuu bu’a qabeessa gochuuf dareefi naannoo baruu-barsiisuun itti gaggeeffamu mijaawaa gochuufi itti fayydamuu jechuudha.

Hooggansa daree barnootaa keessatti tooftaaleen pedaagoojii hedduun gahee haa qabataniyyuu malee, dhimmi ijoon naannoo barattoonni barachuuf nageenyi itti dhaga’amee hojjetanii fiixaan ba’uu danda’an dhugoomsuudha.

5.2.   Haala Hooggansa Daree Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Haala hooggansa daree barnootaa adda addaa adda baasuu.

Sansakni, falaasamniifi akkaataan barsiisuu barsiisotaa kallattiidhaan haala isaan daree barnootaa hooggananiifi naamusa eegsiisan irratti dhiibbaa qaba.

Hooggansi daree barnootaa haala adda addaa irratti hundaa’a. Isaanis, dhimmoota xiin-sammuu, muuxannoo dareefi miira waliigalaa bu’uura godhatan of keessatti hammata. Garaagarummaan haala hooggansa daree barbaachisummaa rakkoo naamusaa ittisuu, furuu, to’achuufi shaakallii supparvizyiinii barsiisotaa irratti hundaa’a. Haala hooggansa daree adda addaa keessaa kan armaan gadii eeruun ni danda’ama.

1.       Haala Dhugoomaa

Haalli dhugoomaa (Afaan Ingiliziitiin The Assertive Approach jedhama) kun barsiisonni seera bulmaataa dareefi mana barumsaa addaan baasuufi dhiibbaa rakkoon naamusaa qabu ykn ajajamuu dhabuun fidu adda baasuun barattootatti ifaan himuudha. Barsiisonni barattoonni gocha raawwataniif itti gaafatamummaa ofiin akka fudhatan gochuu qabu. Kaayyoon haala kanaas, barsiisonni rakkoo naamusaa barattoonni uumaniif deebii sirriifi hatattamaa kennuudha.

2.       Haala Yaad-qalbii Fooyyeessuu

Haalli kun (Afaan Ingiliziitiin The Behavior Modification Approach jedhama) malaafi tooftaalee adda addaa of keessatti hammata. Isaanis badhaasa xiqqaa kennuudha hanga cimsanii leenjiisuu kan ga’uudha. Kaayyoon haala kanaas, yaad- qalbiin haala naannoon kan jijjiiramuufi xiyyeeffannoo xiqqaa madda rakkoo naamusaaf kennuudha. Kunis seer-bu’uuraalee armaan gadii kan hordofudha. Isaanis:

  • Yaad-qalbiin kan qaramu dhiibbaa mataa isaatiin malee madda rakkoodhaan miti.
  • Yaad-qalbiin tokko kan cimu badhaasa battalatti isa hordofee dhufunidha.
  • Barattoonni adabbii caalaa badhaasaaf deebii gaarii kennu.

3.       Haala Gareen Hoogganuu

Haalli kun (Afaan Ingiliziitiin The Group Managerial Approach jedhama) kan xiyyeeffatu mallattoon jeequmsaa yemmuu mul’atu osoo inni haala qabatamaan garee keessa hintamsa’iin

deebii battalumatti kennuu irratti malee rakkoon erga uumamee booda furmaata barbaadu irratti miti.

Akka haala kanaatti yaad-qalbiin jeequmsaa kun yoo xiqqaa ta’ee bira darbuu; yoo immoo yeroo dheeraaf kan itti fufu ta’ee garee keessatti hammeenyaafi miidhaa cimaa kan geessisu yoo ta’e tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun dirqama ta’a.

Text Box: Gocha 5.3: Hojii Garee

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Haalawwan sadan armaan olii keessaa isa kamtu irra caalaa filatamaa isinitti fakkaata? Sababa keessan tarreessuun irratti mari’adhaa.

5.3.   Daree Barnootaa Qindeessuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Naamusa daree barnootaa eegsisuu keessatti gahee daree barnootaa qindeessuun qabu ibsuu.

Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti dhimmi murteessan tokko naannoo baruu-barsiisuun keessatti gaggeeffamudha. Kana jechuun barsiisonni daree barnootaa hawwataafi awaa’ee (qoor-qalbii) mana jireenyaa qabu uumuu qabu jechuudha. Kana gochuuf immoo beekumsa haala adda addaan taa’umsa ittiin sirreessan qabaachuun barbaachisaadha. Gosa barnootaa kamiiyyuu keessatti dareen barnootaa garee barattootaa dandeettii adda adda qaban hammata waan ta’eef barsiisonni yemmuu barsiisaan barattoota suutaafi saffisaan barachuu qabaniif akka saffisa dhuunfaa  isaaniitti akka barataniif carraa kennuufii qabu. Barsiisonni sagantaa barnootaa barattoota hunda dhuunfachiisuuf daree barnootaa gareen qooduu danda’uun eegala. Hangaafi ulfaatnni hojii tokkoo tokkoo garee irraa eegamuu dandeettii barattoota garee kana keessa jiraaniifi gosa barnootaa wajjiin walsimuu danda’a. Kanas, karaa sadiin gochuun ni danda’ama. Isaanis:

  1. Naanneessuu (Rota): Gochi tokko xumuramee gocha biraatti yoo dabramu gareen barattootaa daree keessatti bakka jijjiirratu.
  2. Gahoo (Quota): Kana keessatti barsiisaan tokkoon tokkoo garee gocha murtaa’e tokko wayitii murtaa’e keessatti akka raawwatu godha. Tokkon tokkoo barataa kaardii galmee gochaa kennameef irratti waan hojjete barreessuun qabata. Hojiin kennameef haala barbaadameen xumuramee hojjetamuu isaa barsiisaan mirkana’aa.
  • Dameessuu (Branching): Kana keessatti dareen guutuun gocha murtaa’e tokko al-tokko akka jalqaban gochuu: baxxee boronqii irratti akka shaakalan gochuu ykn kitaaba barataa irraa akka waliin hojjetan gochuudha.

5.4.   Gosa SirreeffamaTaa’umsaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Gosa sirreeffama taa’umsa daree tarreessuu. Malleen baruu-barsiisuu adda addaa jiran keessaa kanneen gosa sirreeffama taa’umsaa garaagaraa waliin wal siman adda baasuu.

Daree barnootaa keessatti gosti sirreeffama taa’umsaa hedduutu jira. Garuu, beekamoo kan ta’aniifi daree baay’ee keessatti kan argaman afurti jiru. Isaanis:

A.     Sirreeffama Taa’umsaa Sarara Oleefi Dalgee (Column and Row Type):

Sirreeffama Taa’umsaa Kana keessatti barattoonni fuula isaanii gara barsiisaatti deebisanii sarara oliifi dalgaan taa’u. Yeroo baay’ee barattoonni akka hojjaa isaaniitti kan taa’aanidha. Barattoonni hojjan isaanii gababaa ta’e fuula duraafi kanneen dheeraa ta’an immoo booda taa’u. Barattoonni rakkoo arguufi dhaga’uu qabanis fuula dura taa’u. Fakkii  armaan gadiirraa haala taa’umsa kanaa hubachuu ni dandeessa.

IMG_20180821_030255

Fakkii 5.1: Sirreeffama Taa’umsaa Sarara Oleefi Dalgee

Faayidaa:
  • Haalli taa’umsa kanaa barnoota mala ibsaan dhiyaatuuf mija’aadha.
    • Barsiisonni sarara giddu socho’uun meeshaalee raabsuufi walitti qabuuf salphaadha.
Rakkoolee:
  • Marii gaggeessuuf mijataa miti.
    • Lakkoofsi barattoota daree keessaa baay’ee dha yoo ta’e, warra duuba irra taa’aan to’achuun rakkisaadha.
  • Sirreeffama Taa’umsaa Haala Tuutaa (Cluster Pattern): Kun daree barnootaa keessatti tuuta barattootaa xixxiqqoo kallattii adda addaatti uumuudhaan beekama. Haalli taa’umsaa kun marii garee xiqqoof mija’aadha. Fakkii armaan gadiirraa haala taa’umsaa kanaa hubachuu ni dandeessa.
groupwork
Fakkii 5.2: Sirreeffama Taa’umsaa Haala Tuuta

Faayidaa:

  • Barattoonni salphaatti yaada waljijjiiru.
    • Barattoonni akka gareetti hojjechuuf salphaadha.
    • Tuuta tokko gara biratti socho’un ulfaataa miti.
Rakkoolee:
  • Lakkoofsi barattootaafi lakkoofsi garee baay’ee dha yoo ta’e, hojii garee tokkoo tokkoofi barattoota garee keessaa to’achuun rakkisaadha.
  • Barattoonni daree keessa baay’ee dha yoo ta’e, garee qindeessuun yeroo fudhata.
C.     Sirreeffama Taa’umsaa haala Kottee Fardaa (Horse Shoe Pattern)

Kun taa’umsa barattootaa boca qubee “U”tiin sirreessuudha.Yemmuu kana barsiisaan gidduu baanaa “U” taa’a. Fakkii armaan gadii irraa haala taa’umsaa kana hubachuu ni dandeessa.

horseshoe
Fakkii 5.3: Sirreeffama Taa’umsaa haala Kottee Fardaa

Faayidaa:

  • Yemmu qabiyyeen baratamu marii bal’aa barattoota gidduuttiifi barsiisaa waliin gaggeessuun barbaachisu filatama.
    • Barattoonni marii waliin gaggeessuuf salphaadha.
D.     Sirreeffama Taa’umsaa haala Geengoo ( Round or Circular Pattern of Seating)

Kunis qabiyyee barnootaa marii barattoota gidduutti barbaaduuf haala taa’umsaa filatamaadha. Akka kottee fardaa osoo hinta’iin taa’umsaa kana keessatti aangoon barsiisaa gara barattoottaatti kan gadi bu’eedha. Fakkii armaan gadii irraa haala taa’umsaa kanaa hubachuu ni dandeessa.

circular
Fakkii 5.4: Sirreeffama Taa’umsaa haala Geengoo

Faayidaa:

  • Marii bilisa kan hundumtuu walqixa ta’ee keessatti hirmaatu gaggeessuuf gargaara.
    • Waan dhaggeeffatamuu kan akka raadiyoo gidduu kaa’uun dhaggeeffachuuf ni ta’a.

Rakkoolee:

  • Meeshaalee barnootaa daawwatamuutti fayydamuun rakkisaadha. Sababni isaas geengoo keessa ykn ala yoo keesse barattoonni walakaan dugda meeshaa sanaa malee hinargan waan ta’eef.
    • Lakkoofsi barattootaa baay’ee dha yoo ta’e, taa’umsa geengoo tokko qofaatti fayyadamuun rakkisaa ta’a.
Text Box: Gocha 5.4: Hojii Garee

Barsiisa! Barattoota gareen ijaaruun gosa sirreeffama taa’umsaa tokko tokko gareef kennuun barattootni malleen baruu-barsiisuu gosa sirreeffama taa’umsaa isaaniif kenname waliin adeemu filachuun daree keessatti barnoota akka waliif dhiyeessan taasisi.

5.5.   Hooggansa Daree Barnootaa Ga’umsa Qabu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Amaloota hooggansa daree barnootaa ga’umsa qabuu adda baasuu.

Hooggantoonni daree barnootaa ga’umsa qaban haala hooggansa daree dura ilaalle keessaa tokko ykn tokkoo ol wal deggersiisanii itti fayyadamanidha. Barsiisonni karoora barnootaa sirriitti qopha’eefi faayidaa qabeessa ta’ee qaban, barattoota isaanii of eeggannoon kan qajeelchan, seera ittiin bulmaata daree sirriitti kan barattootaaf ibsan, naamusni ogummaa maal akka ta’e akkuma barnoota akkaadamii kan barsiisan, maaltu akka hamilee barattootaa kakaasu sirriitti kan beekanii xiyyeeffannoo kennaniifi kan barattoota isaanii waliin gammachuu argatanidha.

Hooggansi daree barnootaa ga’umsa qabu dandeettii addaa barsiisonni tokko tokkoo qabaniifi namoonni biroon immoo hinqabne osoo hintaanee, gurmaa’ina dandeettiifi ogummaa karaa obsaafi shaakalaa baratamudha.Hooggansa daree barnootaa ga’umsa qabu keessatti waantotni hubatamuu qaban hedduun ni jiru. Fakkeenyaaf, hooggantoonni daree barnootaa ga’umsa qaban seeraafi qajeelfama hojiirra oolchuuf qophaa’ee barattoonni akka hordofuu qabaniifi kallattii of eeggannoon ala odoo hincabisiin ittiin hojjechaa jiran qabu.

Hooggantoonni daree barnootaa ga’umsa qaban kaayyoo baruu-barsiisuu galmaan ga’uuf dursa kan kennaniifi barattoonni itti gaafatamummaafi faayidaa hojii raawwatanii sirriitti akka beekan kan godhanidha. Hoggantoonni daree ga’umsa qaban barattoota hojii baruu-barsiisuutiin kan qabanidha. Barsiisonni kun hojii kennamu sirriitti qaacceessanii ogummaa barattoonni hojjicha hojjechuuf isaan barbaachisu ni murteessu.

Kanaafuu, amaloonni hooggansa daree gahumsa qabuu karoora barnootaa sirrii qopheessuu, barattoota waliin hariiroo gaarii qabaachuu, gaaffiifi deebii sirriitti keessummeessuu, baxxee boronqii sirriitti itti fayyadamuu, waan barsiisuu haala barattoota hawwatuun dhiyeessuu, loogii tokko malee hojjechuu, qajeelfama mana barumsaafi kan daree kan sirriitti hordofuufi  barattoonni akka hordofan fakkeenya kan ta’ufi kkf kan hammatudha.

Text Box: Gocha 5.5: Hojii Garee

Barsiisa! Kaadhimamtootni barsiisotaa daawwannaa daree barnootaa barnoota Prac-
112 irratti gaggeessan bu’uura godhachuun amaloota hooggansa daree barnootaa ga’umsa qabuu armaan olii haala qabatamaa daree keessatti argan waliin walbira qabuun mari’atanii dareef akka dhiyeessan godhi.

5.5.1. Naannoo Baruu Barsiisuu Mijataa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Amaloota naannoo baruu-barsiisuu mijataa ta’ee adda baasuu.

Dareen barnootaa mijataa jedhamu gammachiissaafi kan barattoonni hedduun keessatti hojiidhaan qabamanidha. Gochaalee raawwataman hunda barattoonni dandeettii isaanii cuunfanii akka hojjatan kan taasisuufi barattoonni akka hojiin qabaman kan godhuudha. Barsiisaan gochaaleen raawwataman yeroo jiru wajjiin akka walsiman gochuudhaan kennuu qaba. Miira barattoonni yoom akka saffisa isaanii dabalan ykn xiqqeessan ykn jijjiiran kan dagaagsuu ta’ee garuu muddama kan hinqabne ta’uu qaba.

Kana malees, seerri naamusaa kan qopha’uu kaayyoo barnootaa, haala qabatamaa daree, haala qabatamaa barattootaafi barsiisaa/tuu bu’uura godhateeti. Badhaasni kennamu yaad-qalbii

barbaadame hordofee kan dhufu malee kan turu miti. Yaad-qalbii ykn hojii gaariif hanga danda’ametti beekamtii kennuudha. Raawwii gadi aanaaf immoo arrabsoon osoo hintaane jajjabeessuun deebii kennuudha. Kunis kan ta’uu danda’uu barsiisonni yemmuu wixinee meeshaalee barnootaafi gochaalee rawwataman sirriitti qopheeffatanidha.

Text Box: Gocha 5.6: Hojii Garee

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Agarsiistota daree barnootaa baruu-barsiisuuf mijataadha jedhaman tarreessuun irratti mari’adhaa.

Qabxiileen armaan gadii yoo hojiirra oolan naannoo baruu-barsiisuun itti gaggeeffamu mija’aa ta’ee uumuuf ni gargaaru.

  1. Barattootaa kee sirriitti beeki. Maqaa isaanii hatattamaan baradhu.
  2. Miira barattootaa kee hubadhu. Ilaalcha isaan barreessuu, marii gaggeessuufi hirmaachuuf qabaniif xiyyeeffannoo kenni. Namummaa barattoota keef kabaja kenni.
  3. Hirmaannaan barattootaa hamilee isaaniif barbaachisaadha. Kanaafuu, barattoonni kee hundi miseensa garee hirmaattootaa akka ta’aniif gargaari.
  4. Cimina barataa tokkoo tokkoof xiyyeeffannoo kenni. Yeroo hunda waan gaarii/cimina barataa keetii sakatta’i. Tokkoon tokkoo barataa keetii dandeettii ofiitti haala amanuun ijaarudhaan miseensa garee hirmaannaa gaarii qabuutti akka of ilaalan gargaari. Namni hundi, jaarsa ykn ijoollee osoo hinjedhiin badhaasa barbaadu. Kanaafuu, badhaasatti fayyadami.

Akka barsiisaa/tuu tokkootti naannoo baruu-barsiisuu mija’aa ta’ee uumuuf kanneen armaan gadii raawwachuun barsiisaa/tuu irraa eegama.

  1. Waadaa yoo seente, waadaa kee kabaji. Barattoonni ija walqixxee ta’een barsiisotaan ilaalamuu barbaadu. Dogoggora yoo raawwate, dhiiffatama gaafadhu. Namni kamiyyuu dogoggora akka uumuu danda’u barattoota keetiif ibsi.
  2. Yaada haaraa uumamuuf fedhii qabaadhu. Haala irratti hunda’ii akka barsiisaatti jijjiirami. Amma dandeessutti waan haaraa uumuufi argachuuf yaalii godhi.
  • Adeemsa raawwii hojiirra oolchi, garuu haala hiriyoomaa, dhimammaafi bifa walfakkaatuun raawwadhu. Barattoota kee hunda qoodamsa bifa kamii malee keessummeessi.
  • Barsiisaan/tuun miira hawwataa qabaachuu qaba/di.
  • Barattoota kee waliin walitti dhufeenya gaarii yoo qabaatte, yemmuu rakkoofi gaaffii qaban sitti dhiyaachuuf ofitti amanamummaa godhatu.Akkuma barattoonni kee amala gaarii akka horatan barbaaddu atis amala gaarii qabaadhu; aarii, sodaafi dhiphuun waan tokko hinraawwatiin.
  • Barsiisaan/tuun fakkeenya gaarii ta’ee/tee waan hedduuf haala mijeessa/ti. Kanaafuu, haala gaariin hojjedhu, dubbadhu, miidhagi, k,k,f.

5.5.2. Adda Addummaa Dhuunfaa Keessummeessuu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Hooggansa daree barnootaa keessattifaayidaa addaaddummaa dhuunfaa barattoota gidduu jiru beekuun qabu ibsuu.

Barsiisonni hedduun hooggansa daree barnootaa keessatti addaaddummaa dhuunfaa beekuun dhimma ijoo akka ta’eetti dubbatu. Rakkoo hooggansa daree barnootaa furuuf hubannoo yaad- rimee addaaddummaa qabaachuun haala mijaa’aa barnootaaf uumuudha. Namni tokko nama biraa irraa qaamaan, amalaan, beekumsaa, akkaataa itti barachuu danda’uunfi fedhiin addadha. Addaaddummaan dhuunfaa kunis uumamaan, saayikooloojiin, dagaagina beekumsaan, amala qaamaan, beekumsa gosa barnootaan, si’aayinaan, muuxannoo dandeettii dhuunfaa waan tokko yaaduufi uumuufi k.k.f. of keessatti hammata.

Adeemsi baruu-barsiisuu tokko addaaddummaa dhuunfaa barattootaa waliin akka walsimu yoo barbaadame barsiisonni, barattoota garee xiqqaan barsiisuurratti xiyyeeffachuu qabu. Sagantaan barnootaa akka barattoonni of ibsaan, itti gaafatamummaa hojii isaanii ofiin fudhataniifi hojii kennameef hojjechuuf qinda’an kan gargaaru ta’uu qaba. Barsiisoonni immoo barattoota  dhuunfaa irratti xiyyeeffachuudhaan gaaffii addaaddummaa dhuunfaa keessumeessuuf yaalii gochuu qabu. Gochaaleen dhuunfaa barattootaa hordoffii barsiisotaa walitti fufaa ta’e malee kan raawwatamudha. Barsiisonni yemmuu barattoota garee xiqqaafi dhuunfaa barsiisan, barattoonni biroon immoo gochaalee dhuunfaa isaanii ni hojjetu.

Text Box: Gocha 5.7: Hojii Garee
Barsiisa! Garaagarummaa barattoota gidduu jiru keessaa tokko akkaataa barachuu isaaniiti. Kanaafuu barattoota gareen ijaaruun hariiroo akkaataa barachuu adda addaafi malleen baruu-barsiisuu gidduu jiru akka xiinxalan taasisi.

Barattoota gidduu garaagarummaan kallattiiwwan adda addaan kan jiru ta’uun isaa beekamaadha. Haata’u malee isaan kana hunda asitti kaafnee ilaaluu baannus, garaagarummaa akkaataa barachuun walqabatee jiru gabaabsinee haa ilaallu.

Barattootaa hubannoo asirratti qabdan caalaa gabbifachuuf barnoota hojiirra oolmaa yaad- hiddamoota akkaataa namni itti baratuu (EPsy. 221) dubbisuun hubannoo keessan caalatti gabbifadha. Namni akkaataa ittiin baratan filannoo adda addaa ni qaba. Isaanis :

  1. Arguudhaan (Visual). Barattoonni kun kanneen chaartii, yaaliifi kanneen biroo miira arguu isaanii hawwatan fayyadamudhaan barachuu kan filatandha.
  2. Dhageetiidhaan (Auditory). Barattoonni akkaataa barachuu kana filatan ibsa kennamuufi maaltu akka itti aanee dhufu kan hubatandha. Isaanis yaada burqisiisuu, gaaffiifi deebii, ibsa irra deddeebi’anii kennuudhaan barachuu kan filatandha. Kunis, barattoonni waan baratan walitti qindeessuudhaan hubachuuf isaan gargaara.
  3. Sochii qaamaan (Kinesthetic). Barattoonni kun amma danda’ametti qaqqabuufi sochii gochuun hojjetanii barachuu filatu. Barattoonni akkaataa barachuu kanaa filatan sochii ykn kakaastota alaa malee fedhiin barachuu isaanii xiqqaadha.

5.6.   Seer-bu’uuraalee Naamusa Daree

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Seer-bu’uuraalee naamusa daree himuu.

Yaad-rimee    naamusa    jedhu   sirriitti    ibsuuf   barsiisonni    seer-bu’uuraalee                      armaan      gadiitti gargaaramuu ni danda’u.

Seera 1: Akeekni barumsaafi naamusni daree kan walfakkaatudha. Barattoonni akka of qajeelchaaniif gargaara.

Seera 2:     Naamusni kan fooyya’aa adeemuudha. Barattoonni beekumsaafi dandeettii qaban galma barnootaa bira ga’uuf kan hojiirra oolchandha.

Seera 3: Naamusni baruu-barsiisuu irraa adda bahee hinilaalamu.

Seera 4: Yaad-qalbiin tokko akka haalli qabatamaan barbaaduutti murta’a.

Seera 5: Akka barattootaan hubatamutti ga’umsi barsiisummaa daree barnootaa keessatti barsiisotaaf aangoo kan kennuudha.

Seera 6: Naamusni hojii tokkoof dandeettii xiyyeeffannoo kennuudha.

Seera 7: Barsiisonni yeroo baay’ee madaala naamusaa eegsiisuuf haala to’annoo isaanii addaan baasuufi dhiibbaa isaan qaban ilaaluu filatu.

Seera 8: Seera kallattii jijjiiruu: Naamusni yaad-qalbii fudhatama hinqabne gara yaad-qalbii fudhatama qabuutti jijjiiruu barbaada.

Seera 9: Seera waliigaltee: Karaalee rakkoon naamusaa itti hambisamu tokko irratti waliigaluu. Seera 10: Naamusni kan kabajamu yemmuu fedhiin bu’uuraa kan akka nyaataa, nageenyaa, k.k.f.

guutamudha.

5.7.   Akkaataa Gaggeessummaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Akaakuwwan gaggeessummaa adda addaa xiinxaluu.

Hooggansa daree barnootaa keessatti barsiisonniifi barattoonni isaanii karaalee hedduu qunnamtii

/ walitti dhufeenya gaggeessuu ni danda’u. Jiraachuun ykn dhabamuun walitti dhufeenya barsiisotaafi barattootaa, haala hooggansa daree barsiisotaatiin murta’a.Kanneen armaan gadii fakkeenya akkaataa hooggansa daree barnootaa keessaati. Isaanis:

1.   Gaggeessummaa Abbaa Hirree (Authoritarian Style):

Barsiisonni haala kanaan daree barnootaa gaggeessan, seera ittiin bulmaata daree ykn mana barumsaa barattoonni akka hojiirra oolchan qajeelfama kennu. Gaggeessummaa kana keessatti, barsiisonni aangoo hunda kan ofii kan godhataniifi adeemsi baruu-barsiisuus kan barsiisaa giddu-galeessa godhateedha. Gaheen barattootaa qajeelfama kennamu hordofuufi callisanii waan barsiisaan ibsu dhageeffachuudha. Akkaataan gaggeessummaa kun barattoonni marii gaggeessuufi yaada isaanii ibsuuf kan carraa kennu miti.

Barattoonni yemmuu dirqisiifaman, to’atamaniifi sodachiifaman, kaka’umsi/fedhiin keessoofi hamileen isaanii dadhabaa adeema. Haaluma kanaan, halli gaggeessummaa kun

abdii kutuu barattootaafi barsiisaa ni uuma. Kunis, sababa jeequmsaafi walitti bu’insa daree barnootaa keessattii ni ta’a. Barattoonni, barsiisotaa abbaa hirreen barsiifaman:

  • Kaka’umsa keessoofi hirmaannaa garee keessatti xiqqaa qabu.
    • Yoo barsiisonni hinjiran ta’e, fedhii hojii hinqaban.
    • Jibbaafi lola hiriyyoota isaanii ni dagaagfatu.
2.   Gaggeessummaa Akkafeetee (Laissez–faire style):

Gaggeessummaa kana keessatti barsiisonni seerriifi qajeelfamni hinjiru amantaa jedhu qabu. Sababin isaas namni hundi dhalootaan itti gaafatamummaa waan qabuufidha jedhu. Haalli akkaasi kun barsiisota muuxannoo barsiisuu yeroo dheeraa qaban irraa kan mul’atudha. Kunis hanqina gaggeessummaafi hundi akkafeeteen akka hojjetu godha. Haalli kun jeequmsaafi walitti bu’insa uumuudhaan barnoota qulqullina qabu kennuuf rakkoo uuma. Gaggeessummaan akka feetee kun fallaa gaggeessummaa abbaa hirree ti. Barsiisonni akka feetee barattoota isaanii qajeelchuufi gorsuu irratti rakkoo qabu. Barattoota isaaniif galma hinqaban ykn galma muraasa kaa’u.

Kana malees, kallattii raawwii hinagarsiisan. Barattoonniis akkafeeteen waan gadi dhiifamaniif waan fedhiisaaniifi ofii barbaadan baruu-barsiisuu isaaniif gumaacha hinqabne hojjetu. Barattoonni, barsiisota kanaan barsiifaman:

  • Nageenyi itti hindhaga’amu.
    • Barsiisotaa isaanii biraa gammachuu hinargatan.
    • Gamtaan ykn waliin hojjechuurratti rakkoo qabu.
3.   Gaggeessummaa Dimokiraatawaa Ta’e (Democratic Style):

Barsiisonni gaggeessummaa kanaa barattoonni adeemsa murtii kennuu keessatti hirmaachuun barbaachisaa akka ta’eetti amanu. Murtiin kan kennamu mariin barattoota waliin erga gaggeeffamee boodadha. Barsiisonni carraa barattoonni walaba ta’anii yaadafi gocha isaanii, kaayyoofi ergama mana barumsaa isaanii ibsuuf qabu. Akka amantaa gaggeessummaa kanaatti namoonni waadaa tajaajila kennuu, of-to’achuu, of qajeelchuufi si’aayina qabaachuu qabu jedha. Walittiqabaatti, hooggansi kun addaaddummaa dhuunfaa barattootaa kan keessummeessuu, ajajaafi dangaa barattoota irratti kan baay’isu miti. Naannoo baruu- barsiisuu barattoonni bilisa ta’anii yaada waljijjiiran kan uumuudha. Barsiisonni akka

gaggeessitoota gareetti ilaalamu. Barsiisonniifi barattoonni seera kennuufi fudhachuubu’uura godhatanii murtii kennuu keessatti hirmaatu.Gaggeessummaa daree barnootaa dimokiraatawaa ta’ee keessatti yaad-qalbiin armaan gadii nidagaagu. Isaanis:

  • Naannoon wal jaallachuufi wal gargaarsaan hojjechuu nidagaagsa.
    • Ga’umsa olaanaafi aadaa of danda’anii hojjechuu nicimsa.
    • Gamtaan wal fayyaduuf hojjechuufi wal hubachuu nidagaagsa.
Text Box: Gocha 5.8: Hojii Garee
Kaadhimamtoota barsiisotaa! Turtii mana barumsaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa keessatti akaakuun akkaataa hooggansa daree barnootaa bal’inaan mul’ataa ture isa kami? Dhaabbata barnootaa amma keessa jirtu waliin walitti dhufeenya inni qabu ibsaa. Haala waliigalaanhoo akkaataa hooggansaa isa kamtu daree barnootaa adeemsa baruu- barsiisuuf mijataa ta’e uumuu danda’a? Sababa waliin dhiyeessuun irratti mari’adhaa.

5.8.   Barsiisaa Hooggansa Daree Barnootaan Ga’umsa Qabu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Amaloota barsiisaa hooggansa daree barnootaarratti ga’umsa qabuu adda baafachuu.

Barsiisonni rakkoo naamusa daree osoo hinuumiin yemmuu barattoonni rakkoo naamusaa uumanii daree jeeqan ni mul’ata. Kunis yemmuu barattoonni barnootaa irratti xiyyeeffachuu dhiisan ykn rakkoo biraa kan mana jireenyaa waliin wal qabate mul’atuudha. Barattoonni dandeettii of to’achuu akka dagaagfataniif barsiisonni tarkaanfilee ittisoo armaan gadiitti gargaaramu dandaa’u. Isaanis:

  1. Karoora barnootaa haala gaariin qopha’ee qabaachuu,
  2. Beekumsa gosa barnootaa gahaa qabaachuu,
  3. Badhaasatti fayyadamuu,
  4. Malleen baruu-barsiisuu filatamoo ta’anitti fayyadamuu,
  5. Naamusa ogummaafi barattootaa kabajuu,
  6. Barattoota loogii tokko malee ija walqixxeen madaaluu,
  7. Hirmaannaa     barattootaa     jajjabeessuu,      gochaalee     barattoota                         bashannansiisanitti gargaaramuu.
  • Waadaa seenan kabajuufi k.k.f.dha.

Daree barnootaa sirriitti hoogganuufi tooftaalee naamusa gaariif bu’uura kan ta’an qabattoonni armaan gaditti tarreeffamaniiru. Isaanis:

1.   Seera ittiin bulmaata daree barattoonni akka sirriitti hubatan gochuufi kabajuu dhiisuun rakkina inni qabu hubachiisuu.

Sadarkaa murteessaa kanatti seerriifi qajeelfamni ittiin bulmaataa daree ifaafi gooree ta’ee qophaa’a. Barsiisaafi barattoonni waliin ta’anii seera bulmaataa daree qopheessuu qabu. Kunis qaamolee sadii qaba. Isaanis:

  • Seera ittiin bulmaataa daree qopheessuu: Kunis seera barattoonni hundi kabajuufi hordofuu qabandha.
    • Seeronni kun yoo hinkabajamne dhiibbaa isaan qaban murteessuudha. Kunis seerri yoo hinkabajamne tarkaanfiin maal akka fudhatamu ibsuudha.
    • Seerri yoo kabajameefi hordofame badhaasa kennamu adda baasuudha.

2. Barumsa kennamu dandeettii barattootaa wajjiin wal simsiisuun dhiyeessuu.

  • Adeemsa kenninsa barumsa daree keessaa jijjiiruu.

Qorannoon akka mul’isutti barattoonni sadarkaa 1ffaa akkaataa mala baruu barsiisuu gosa tokko keessatti tilmamaan hanga daqiiqaa 10fi barattoonni sadarkaa 2ffaa immoo hanga daqiiqaa 15 ta’uu xiyyeeffannoon hordofu. Yemmuu barattoonni xiyyeeffannoon hinhordofne rakkoon ni uumamu. Kanaafuu, barsiisonni tooftaalee daree barnootaa hoogganuu akkaataa barnoota ittiin dhiyeessaniifi gochaalee hojjetamaniitti jijjiiriru qabu. Jijjiiramni saffisaan yeroo yeroon yoo jiraateefi barattoonni carraa gochaalee baratan tokkoo gara biraatti ce’esifachuuyoo qabaatan rakkoon hordoffiifi tasgabbii dhabuu ni xiqqaata.

4. Filannoo waan barataniifi akkaataa itti baratan hedduu kennuu:

Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti barattootaaf filannoo barachu baay’ee kennuudhaan daree keessatti hojii akka hojjetan gochuun carraa kenna. Kunis waan isaaniif hiika qabeessa ta’e akka filataniifi mana barumsaa keessatti waan hojjechuu qaban akka beekan isaan hubachiisa. Barattoonni tokko tokko akka hindandeenyeetti waan of hubataniif kan hinmilkoofne ni jiru.

Kanaafuu, carraan barachuu adda addaa yoo jiraate keessaa akka dandeettii isaaniitti filatanii hojjetu jechuudha. Akka hayyuu “Haward Gardner”tti daree haala gaariin hoogganame keessatti carraan barachuu daa’immanii ni dabala.

5. Barattoonni barachuufi hojiisaaniif akka itti gaafatamummaa fudhatan gochuu.

  • Waanta barattoonni yaadaniifi hawwan:

Dhimmi ijoon barsiisonni gochuu qaban keessaa yaadaafi fedhii barattootaa sirriitti hubachuudha. Kunis rakkoo naamusaa xiiqqeessuufi jeequmsa dhabamsiisuuf gahee guddaa taphata.Akkasumas, daa’imman dammaqinaan barachuu barbaadu.Kanaafuu, naannoo baruu- barsiisuu dammaqinaan hojjechuufi barachuu daa’immanii afeeru uumuudhaan rakkoo jeequmsa daree barnootaa hiikaafi naannoo baruu-barsiisuuf mija’aa ta’ee ijaaraa adeemuudha.

  • Rakkoo yaad-qalbii cimaa kan qaban barattoota keessa akka jiran hubachaa adeemuu. Yeroo baay’ee haalli yaad-qalbii daree barnootaa seera 80-15-5 jedhu irratti hundaa’a. Akka seera kanaatti, tilmamaan barattoonni % 80 ta’an daree sirriitti hoogganamu keessatti rakkoo naamusaa hinqaban. Barumsi kennamu dandeettii isaanii wajjiin yoo walsime, carraan waan isaan irraa eegamu guutuu isaanii bal’aa ta’ee rakkoon jeequmsaa ni xiqqaata. Barattoonni % 15 ta’an immoo darbe darbee rakkoo naamusaa akka qabanitti ni eegama. Barattoonni kun rakkina haala jireenyaa wajjiin walqabate ykn rakkoo barachuu kan qaban ta’anii dhiphuun isaanitti dhaga’ame kan jeeqandha. Darbe darbee amala fudhatama qabuufi yeroo biraa immoo kan fudhatama hinqabne agarsiisu. Barattoonni % 5 ta’an immoo muddama cimaa jala kan jiran ta’anii, jeequu kana dura kan baratan ykn mana barumsaan alatti jeequmsa uumuudhaan qooda kan fudhatan fakkeenyaaf; dhugaatii dhuguu, qoricha fudhachuu, k.k.f. mana barumsaa keessatti rakkoo uumuuf kan isaan kakaasuudha. Barsiisonni rakkoo kana to’achuuf dursanii dadhabuu ykn abdii kutachuun barbaachisaa miti.

Deggersa bulchiinsa mana barumsaafi saayikooloojistootaa gaafatanii dareen barnootaan alatti rakkoo baratoota kanaa adda baasanii gargaarsa kennuuf yaalii gochuudha.

5.9.   Sababoota Ijoo Jeequmsa Daree Barnootaa

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Sababoota dareen barnootaa naamusa gaarii akka hinqaanne taasisan himuu.

5.9.1. Rakkoolee Barsiisaa/tuu waliin walqabatan

Jeequmsa daree barnootaaf barsiisaan/tuun haala armaan gadiin sababaa ykn ka’umsa jeequmsaa ta’uu danda’an keessa kanneen armaan gadiiti.

  1. Qophii barnootaa gahaa gochuu dhabuu,
  2. Haala gaariin barnoota dhiyeessuu dhabuu,
  3. Gaaffii barattoota sirriitti keessumeessuu dhabuu,
  4. Dubbiin barataa rakkisuu,
  5. Qabxii barattootaa irraa hir’isuu,
  6. Jarjarsuun murteessuu,
  7. Adabbii qaamaa fudhachuu

5.9.2. Rakkoolee Barattoota Waliin Wal-qabatan

Kanneen armaan gadii karaa barattoonni jeequmsa daree barnootaaf sababa ta’an keessaa muraasadha. Isaanis:

  1. Barachuuf fedhii dhabuu,
    1. Gosa barnootaa tokko tokko jibbuu,
    1. Barsiisaa jibbuu,
    1. Ilaalcha barsiisaa keessa galuuf/ofitti harkisuuf jecha waan adda ta’e hojjechuu; fi
    1. Seera bulmaata mana barumsaa/daree wallaaluu fa’i.

5.9.3 Rakkoolee Mana Barumsaa Wajjiin Walqabatan

  • Lakkoofsi barattootaa daree keessatti baay’achuu,
    • Seerri mana barumsaa safuu hawaasaa wajjiin walfaalleessuu,
    • Meeshaaleen baruu-barsiisuuf barbaachisan hanqachuu ykn dhabamuu

5.9.4       Rakkinaalee Maatii/ Warra Barattootaa/ Hawaasa Wajjiin Walqabatan

  • Nageenyii maatii keessaa dhabamuu,
  • Gargaarsi barattoonni barbaadan (meeshaalee, hamilee, beekumsaa, yeroo kennuuf) dhabamuu,
  • Hordoffii barbaachisaa kennuufii dhabuufi kkf.

Sababoota armaan olitti tuqaman irraan kan ka’e, amaloonni badan baruu-barsiisuu jeeqan kan akka barfatanii mana barumsaa dhufuu, barnoota irraa hafuu, hojii baruu-barsiisuu keessatti hirmaachuu diduu, hatuu, qabeenya mana barumsaa balleessuu/ caccabsuu, nama arrabsuu, ajaja fudhachuu diduu, gumgumuu, hayyama malee teessoo gad-dhiisanii deemuu/ kutaa dhiisanii ba’uu ykn galuu, hiriyyoota/ barsiisota/ bulchiinsa manneen barnootaa wajjiin wal loluufi kkf manneen barnootaa keessatti ni mul’atu. Rakkinaalee kanneeniifi kan biroo manneen barnootaa keessatti mul’atan hambisuuf barsiisonni, barattoonni, hooggansi manneen barnootaafi maatiin/hawaasni waliin ta’anii hojjechuu qabu.

Text Box: Gocha 5.9:Hojii Garee

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Daree barnootaa haala gaariin hoogganuu dhabuun adeemsa baruu-barsiisuurratti dhiibbaa inni geessisuu danda’urratti gareen marii gaggeessaa.

5.10.    Tooftaalee Jeequmsi Daree Barnootaa Ittiin Ittisamu

GBYXGQ: Xumura barannoo kanaatti, kaadhimamtoonni barsiisotaa:

  • Tooftaalee jeequmsa daree ittisuuf gargaaran hojiirra oolchuun daree barnootaa mijataa uumuu.

Kanneen armaan gadii tooftaalee jeequmsa daree barnootaa ittiin ittisamu ykn akka jeequmsi hinuumamne ittiin taasifamudha.

  1. Naamusa barsiisuu: kana jechuun ijoolleen safuu beekanii akka guddatan gochuudha. Ijoolleen waan fudhatama qabuufi hinqabne adda baasanii qaama isaanii godhatanii/amaleeffatanii guddataniiru yoo ta’e, namoota ajaja namaa eegan osoo

hintaane, ofiisaanii of qajeelchanii jiraachuu danda’u. Naamusa barsiisuu keessatti manni barumsaa, warri ijoolleefi hawaasni waliin ta’anii hojjechuu qabu.

  • Barattoonni bilisa ta’anii akka baratan taasisuu: Dareen barnootaa bakka barattootatti gammachuun itti dhaga’ame baratanii ta’uu qaba. Barattootaatti nageenyiifi kabjani itti dhaga’amu qaba.Aarabsoofi dubbiin tuqun barbaachisaa miti. Barsiisaan haala barattoonni itti bilisa ta’anii barachuu danda’an uumuu qaba. Wal kabajuun furtuu naamusa gaariidha.
  • Itti gaafatamummaa barattootaaf kennuu: barattoonni barumsa isaaniif ofumasaanii itti gaafatamummaa akka fudhatan yoo ta’an, ofumasaanii of to’atu jechuudha.
  • Hamilee Kakaasuu: barattoota amala gaarii daree keessatti agarsiisan jechoota hamilee isaanii kakaasanitti fayyadamuun ykn badhaasa kennuun barattoonni warri kaan isaan irraa barachuun akka isaan amala gaarii godhatan gochuu jechuudha.
  • Barattoota wajjiin walitti dhufeenya gaarii uummachuu: kana gochuuf barsiisaan barattoota isaatti jaalalaan dhiyaachuun jaalala itti agarsiisuu, kabajaafi gara laafummaa barattootaaf qabu mul’isuu, kaayyoo barnootaa barattootaaf ifa taasisuu, barattootaa irraa maaltu akka irraa eegamu itti himuun barbaachisaa ta’a.
  • Haala fedhii barattootaa hawwatuun barnoota dhiyeessuu. Haalli barnoonni itti dhiyaatu barattoota yoo harkise, barattoonni gara jeequmsaatti hindeeman.
  • Seera Bulmaataa Daree/Mana Barumsaa Barattoota Hirmaachisuun Qopheessuu Barsiisonniifi barattoonni seera bulmaataa daree waliin qopheessuu qabu. Seerri qophaa’u barattoota hunda kan hirmaachiseefi hundaan akka hubatamu gochuun barbaachisaadha. Akkasumas, seerri kun yemmuu cabu tarkaanfiin haala wal fakkaatuun hojiirra kan ooluu ta’uun hubatamuu qaba. Barattoonni seera baasuu keessatti yoo hirmaatan abbummaan waan itti dhaga’amuuf seericha deebisanii caabsuun itti ulfaata.Kanaaf, barsiisaan gaafa dura daree seenu, barattoonni seera bulmaataa daree akka qopheessan gochuu qaba. Erga barattoonni nuu ta’a jedhanii seera lafa kahanii booda, waantonni keessaa hafan yoo jiraatan, barsiisaan itti dabalee seera bulmaataa daree ta’ee baha. Barsiisaanis barattoonni

seericha akka isaan fuula dabtarasaanii isa jalqabaarratti barreessan taasisuun guyyaa sana kaasee seerota sana akka isaan hordofan cimsee itti himuu qaba. Yoo kana ta’e guyyaa guyyaatti akkana godhi, maaliif akkana hingoone jechuun barattoota wajjiin walciguun xiqqachuu danda’a.

H.       Adeemsa gochaalee guyya guyyaa haala qabatamaa jiruu irratti hunda’anii qopheeffachuufi qajeelchuu

Barattoonni waan hojjetan hinbeekan yoo ta’e ni jeequ; hojii isaaniif kennamees osoo hinhojjetiin dhufuun barsiisaa wajjiin walitti bu’u danda’u. Rakkoo kana hambisuuf barsiisonni gochaaleefi akkaataa raawwiisaanii qopheessanii barattoonni haala seera sanaan jalqabanii akka tumuran gochuu qabu. Kanaaf, akkaataa itti barattoonni hojii daree, hojii manaafi pirojektii adda addaa hojjechuu qaban dursanii ifa taasisuun barsiisota irraa eegama.

  1. Xiyyeeffachuu (Focusing): Barsiisonni, barnoota kennuu osoo hinjalqabiin dura xiyyeeffannoo barattoota hundaa argachuu qabu. Barattoota barnoota  isaaniif xiyyeeffannoo hinqabne barsiisuun waan rakkisuuf,barattoonni xiyyeeffannoo isaanii gara barumsaatti akka godhan kakaasuun barbaachisaadha.
  • Baruu barsiisuu qajeelchuu (Directing Instruction): Adeemsa baruu-barsiisuu gaggeessuun dura, barattoonni maal akka gochuu qaban, maaltu akka raawwatamuufi adeemsa raawwii sirriittii ibsuudha. Inni kun barattoonni maal akka hojjetan beekanii akka isaan hojiin qabaman taasisa.
  • Too’achuu /Hordofii (Monitoring): Barsiisonni ga’umsa qaban, barattoonni hojii daree isaan hojjechaa jiraachuu daqiiqaa lama-lamaan giddu-gidduu isaanii adeemanii hordofu. Hundi isaanii hojii eegaluu, fuula kitaabaa sirrii ta’eera jiraachuufi maqaa isaanii barreessuu ni mirkaneessu. Barattoota hojii hiika qabeessa irra tursiisuun gaariidha. Barattoota rakkoo hojjechuu qabaniifi deggarsa dhuunfaa barbaadan hordofuun deggersa gochuuniif barbaachisaadha.
  • Fakkeenya gaarii ta’uu (Modeling): Barsiisonni amala obsuu, jajjabeessuu, kakaasuu, of to’achuufi qindoomina qabaniin barattootaaf fakkeenya gaarii ta’uu qabu. Barsiisonni

“Kan ani jedhu malee, kan ani hojjedhu hinhojjetiinaa” jedhan barsiisota afaaniin jedhan kan jecha isaanii hojiin hinagarsiisnedha. Kanaaf, barsiisonni jecha isaaniifi hojiisaaniitiin barattootaaf fakkeenya ta’uu qabu.

  • Naannoo To’achuu (Environmental Control): waantonninaannoo baruu-barsiisuun itti gaggeeffamutti ta’an baruu-barsiisuu kan jeeqaniifi barattoota jeequmsaaf kan kakaasan ta’uu hinqaban.Dareen barnootaa hawwataafi gammachisaa ta’uu qaba. Bakki barnoota isaanii fakkiifi halluu gosa barnootaa baratamuun miidhaguu qaba. Daa’imman waa’ee barsiisotaafi fedhii isaan qaban beekuu barbaadu.

Kanaafuu, barsiisonni hojii dhuunfaa isaanii kan ta’ee daree barnootaa keessa kaa’u qabu. Waan jaallatamaa ta’ee ykn barattoota gidduutti marii kaasuu danda’utti fayyadamuun barbaachisaadha. Barattoonni yoo barsiisota isaanii sirriitti hubatan rakkoon jeequmsa daree xiqqaataa adeema.

  • Waan daree keessatti raawwatamu beekuufi hubachuu (With-it-ness): Kana jechuun barsiisonni waan daree keessatti raawwatamu beekuufi hubachuu qabu. Kunis ga’umsa barsiisonni waan daree keessatti dalagamu beekuufi hubachuuf qaban kan agarsiisuudha. Barsiisonni waan daree keessatti gaggeeffamu akka nama “ija duudubaa qabuutti” beekuu qabu.
  • Yeroo hojiin dabarsuu (Engaged time): Hojii hojjetamu yeroo jiru wajjiin wal simsiisuun karoorsanii kennuudha. Kunis yeroon jiru hojiin qabame jechuudha. Barattoonni yemmuu hojii keessatti qooda fudhatan carraan jeequmsi uumamuu ni xiqqaata. Yeroon hojiin qabame barachuu barattootaaf murteessaadha. Barattoonni dammaqinaan barachuu keessatti qooda fudhatan hojii barsiisotaa yeroo jiru wajjiin walsimsiisaa adeemu.

5.11.    Tooftaalee Jeequmsi Daree Barnootaa Ittiin Furamu

Tarkaanfileen kun rakkinaalee erga mul’atanii booda akka hinbabal’anne ykn akka hafan gochuuf kangargaarandha.

  1. Mallattoon gidduu seenuu (Signal Interference):Yeroo tokko tokko mallattoo agarsiisuun jeequmsa gidduu seenanii ittisuun ni danda’ama. Mallattoolee ykn sochii qaamaa sirriitti itti fayyadamuudhaan jeequmsa barattootaa to’achuudha.
  • Itti siqanii to’achuu (Proximity Control): Kun gara barataa jeequmsa uumetti siqanii dhaabbachuudha. Kunis itti fayyadama mallattoolee ifaafi bu’aa qabeessa taasisa.
  • Fedhii kakaasuu (Interest boosting): Jalqaba barataa jeequtti fedhii barachuu uumuudhaan barattoonni biroon immoo hojii isaanii irratti akka xiyyeeffatan gochuudha.
  • Kofalchiisuu (Humor): Barattoota kofalchiisuun yeroo muddamaa furuuf filatamaadha. Garuu, ergaan darbu kan barnoota wajjiin walqabateefi dubbii nama tuquu akka hintaanee dhugoomuudha.
  • Adabbii sirrii/seera qabeessa (Retribution): Jeequmsa to’achuun yemmu rakkisaa ta’uu darbee darbee adabbii sirriifi seera qabeessa ta’e fudhachuun miidhaa jeequmsaa ni xiqqeessa. Kunis barataan jeequ tokko hanga jeequmsa dhaabutti waan jaallatu tokko akka hinarganne qoqqobbii irratti gochuu ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, barataa kubbaa miilaa xabachuu jaallatu tokko hanga jeequmsa dhaabutti akka hinxabanne gochuudha.
  • Karooraan Callisuu (Planned ignoring): Yemmuu gochi jeequmsaa mul’atu barattoota kan biraatti hinbabal’anneefi baruu-barsiisuu hinjeeqnetti yeroo tokko tokko callisanii bira darbuudha. Yoo irra deddeebiin mul’ate garuu gorsuufi tarkaanfilee sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa ta’a.
  • Bakka taa’umsaa jijjiiruu (Placement): Tooftaa kana keessatti barsiisonni barattoota jeeqan /naamusa hinqabne/ barattoota hinjeeqne / naamusa gaarii qaban/ bira akka taa’an gochuun akka irra baratan godhu.
  • Dareedhaa baasuu (Time out): yemmuu barataa jeequu to’achuun dadhabamu, barattoota daree guutuu jeequusaa irra yeroo muraasaaf dareen ala gochuudha.
  1. Ceepha’uu (Reprimands): kun barataa jeequ dareen alatti waliin marii gaggeessuudha.
  • Maarii Bal’aa Gaggeessuu: Rakkinich cimaa yoo ta’e, maatii, hiriyyoota, barsiisota barataafi bulchiinsa mana barumsaa wajjiin mari’achuun furmaata barbaadu.

Walumaagalatti yoo danda’ame jeequmsi osoo hinuumamiin dursanii of eegannoo gochuun hambisuun filatamadha. Kanaaf fakkaata oggeessonni fayyaa “osoo hindhukkubsatiin fayyaa ofii eeguun erga dhukkubsatanii booda of yaaluu caalaa filatamaa dha” kan jedhan.

Text Box: Gocha 5.10: Hojii Dhuunfaafi Garee

1.	Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti yemmuu barataa turte barsiisonni kee akkamitti akka daree to’ataa turan isa amma baratte wajjiin wal bira qabii jabinaafi hanqina tooftaa isaan fayyadamaa turanii irratti yaada kenni.
2.	Barsiisa! Kaadhimamtoota barsiisotaa gareen ijaaruun qabiyyee adda addaa isaaniif qooduun daree keessatti tooftaalee jeequmsa daree to’achuuf gargaaran armaan olitti heeraman hojiirra oolchuun akka walbarsiisan taasisi. Gocha kana keessatti kaadhimamtootni barsiisotaa amala ijoollee qabaachuu akka qaban kallattii kenniif.

Cuunfaa Boqonnaa

  • Daree barnootaa hoogganuun haalaafi naannoo barauu-barsiisuuf mija’aa ta’e uumuudha. Daree barnootaa jeequmsi jiru keessatti kaayyoo barnootaa galmaan ga’uun rakkisaadha.Kanaafuu, barsiisonni ogummaa daree barnootaa sirriitti hoogganuu qabatanii jeequmsa daree barnootaa keessatti uumamuu danda’u hambisuufi yoo uumamees to’achuu qabu. Dareen barnootaa bakka hawwataafi barattootatti gammachuun itti dhaga’amuu ta’uu qaba. Barattootaatti nageenyii, fudhatamummaafi kabajni itti dhaga’amuu qaba malee arabsoofi sodaachisuun barbaachisaa miti.Barsiisonniifi barattoonni wal kabajuun naamusaaf bu’uuradha. Kana malees, barsiisonniifi barattoonni seera naamusni daree ittii kana jamuu waliin ta’anii qopheeffachuu qabu. Seerri ittiin bulmaata daree kun kan hunda hirmaahiseefi kan barattoonni hubannoo sirrii irratti qaban ta’uu qaba. Kan hubatamuu qabu garuu seera baasuu qofaa osoo hintaane, yoo seerri hinkabajamne tarkaanfileen sirreeffamaa haala walfakkaatuufi walitti fufiinsa qabuun hojiirra ooluu kan qaban ta’uusaati.
    • Barattoonni maal, akkamittiifi yoom akka hojjechuu qaban hinbeekan yoo ta’ee, yeroo baay’ee ni jeequ. Rakkoo kana barsiisonni gochaalee dareefi adeemsa raawwii isaa, jalqabaafi xumura isaa sirriitti ibsuun hiikuu ni dandaa’u. Manni barumsaa kan hunda’uu barattootni waan hinqabne argatanii mataa isaanii, hawaasaa isaaniifi biyya isaanii akka tajaaijilaniif. Kanaafuu, barsiisonni beekumsaafi dandeettii qaban hunda barattootaaf oolchuu, sirna barnootaa faayidaa qabeessa gochuu, barnoota kennamu haala hawwataa ta’een dhiyeessuufi gochaalee haala gaariin qopheessuu qabu. Kunis, barattoonni adeemsa baruu-barsiisuu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan taasisa.
  • Jeequmsi gufuu hojii baruu-barsiisuuti. Jeequmsa to’achuuf yeroon ooluu barsiisuuf utuu oolee bu’aa gaarii fiduu danda’a. Kanaafuu, jeequmsi hatattamaafi haala loogii hinqabneen to’atamuu qaba.Barsiisuu eegaluun dura barsiisonni qalbeeffannaa barattootaa isaanii argachuu qabu. Barattoota hinqalbeeffanne barsiisuuf yaalii gochuun bu’a qabeessa nama hintaasisu. Kallattiidhaan gahee barattootaa sirriitti ibsanii barsiisuudha. Barsiisonni waan isaan irraa eegamuufi barattoota isaanii irraas waan eegamu sirriitti adda baasanii ifa taasisuu qabu. Namni gahee isaa hinbaane seerri itti gaafatamu bahee hojiirra ooluu qaba. Walumaagalatti akkaataa jeequmsi daree keessatti hinuumamne itti yaadan hojjechuun baruu- barsiisuu bu’a qabeessa gochuu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Shaakala Boqonnaa

I.     Himoota armaan gadii sirrii yoo ta’an, “DHUGAA” Yoo sirrii hintaane, “ SOBA” jechuun barreessi.

  1. Hoggansa daree barnootaa keessatti rakkoo naamusaa dursanii ittisuurraa tarkaanfi sirreeffamaa fudhachuutu filatamaadha.
    1. Daree barnootaa hoogganuun ogummaa barsiisummaa waliin kan walqabatu miti.
    1. Haalli naannoo barnootaa waliin wal qabatan hooggansa daree barnootarratti dhiibbaa ni geessisu.
    1. Haala hawwataa ta’een barsiisuun tooftaalee jeequmsa ittisuu keessaa tokkodha.

II.                 Gaaffilee armaan gaditti dhiyaataniif qubee deebii sirrii qabate filachuun deebisi.

  1. Naamusa daree barnootaa eegsiisuuf yaad-rimee tooftaa ittisoo keessaa kan hintaane adda baasi.
    1. Ijaan caqasuu    B. Of tuuluu    C. Mallattoon ittisuu     D. Gammachiisuu
    1. Naannoo baruu-barsiisuuf mija’aa ta’ee uumuuf yaad-rimee armaan gadii keessaa kan sirriitti ibsu isa kami?
      1. Karoora barnootaa                        B. Qunnamtii

C. Daree barnootaa hoogganuu          D. Meeshaalee barnootaa

III.               Gaaffileen armaan gadiitiif deebii gababaa barreessi.

  1. Sababonni jeequmsa daree barnootaa maal fa’i?
    1. Agarsiistoota hooggansa daree barnootaa ga’umsa qabuu ibsi?

1
Created on By admin

TECS 112 Chapter 5 Quiz

TECS 112 Chapter 5 Quiz

1 / 5

TECS 112 5.1. Akkaataa gaggeessummaa abbaa irree keessatti xiyyeeffannaan barattootaaf kennama.

2 / 5

TECS 112 5.2. Barsiisaan tokko wanta barsiisu sirriitti karoorsuudhaan rakkoo naamusaa ittisuu danda’a.

3 / 5

TECS 112 5.3. Tooftaan rakkoo naamusaa ittisuuf hin fayyadne kami?

4 / 5

TECS 112 5.4. Tooftaalee rakkoo naamusaa sirreessuu kan hintaane kami?

5 / 5

TECS 112 5.5. Hoggansi daree barnootaa naamusa eegsisuu qofarratti xiyyeeffata.

Your score is

The average score is 80%

0%

Kitaabilee Wabii

Aggarwal, J.C.(1996). Principles, Methods and Techniques of Teaching. New Delhi: Vikas    Publishing House Pvt.Ltd.

Aren.G.(1978). Evangelical Pioneers in Ethiopia. Uppsala, Sweden Offset Center.

Berhane Girmay and Haile G. (2005).General Methods of Teaching(Module). Mekelle University (unpublished).

Borich, Carry, D(1988). Effective Teaching Methods. London. Malmillan publishing Company.

Briggs, L.J. and et.al (1981). Handbook of Procedures for the Design of Instruction, (2nd ed.). New Jersey:Educational Technology Publication.

Callahan, J.F. and Clark, L.H, (1988). Teaching in the Middile and Secondary Schools: Planning for Competence( 3rd ed.). New York: Macmllan Publishing

Company.

Derebsa Dufera (2004). Fundamentals of Curriculum Development. Addis Ababa: Addis Ababa University Press.

Doll,R.C.( 1992).Curriculum Improvement, Decision Making and Process( 8th ed.) Boston: Allen and Bacon.

Elliott, J. (1998). TheCurriculum Experiment: Meeting the Challenge of Social Change. Open University press, Buckingham, Philadelphia.

Frrant, J.S. (1980). Principles and Practice of Education. (2nd ed.). London: Longman Groups  UK. Ltd.

Fullan, M.E. (1991). The New Meaning of Educational Change. London: Cassel Educational Ltd

Kasambira, K.P.(1993). Lesson Planning and Class Management. London Limited Ltd.

Marsh, J. C. (2004). Key Concepts for Understanding Curriculum (3rd Ed). London: Rout ledge flamer

McNeil, JohnD.(1990). Curriculum:A Comprehensive Introduction (4th ed.). USA: Harper Collins Publisher.

MOE (2011).HDP Handbook. Addis Ababa (unpublished)

Oliva, P.F.(1992). Developing the Curriculum (3rd ed.). New York: Harper Collins Publisher.

Ornstein, C. A. and Hunkins, P. F. (2004). Curriculum Foundation, Principles and Issues (4th Ed.). Boston: PEAR.

Print, Murray (1987). Curriculum Development and Design.New York: Macmillan Publishing Company

Sharma, Y.K.(2006). Sociological Philosophy of Education. New Delhi: Kanishka Publishers, Savage.

Tom,V. and Armsrong. David. G.(1987). Effective Teaching in Elementary School Studies. New York: Macmillan Publishing Company.

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *