Cross-cutting Issues in Education – Educ 301

Ministeera Barumsaa

Dhimmoota Barnoota Keessatti Xiyyeeffannoo Barbaadan

(Cross Cutting Issues in Education)

Bitootessa 2014
Finfinnee

Ministeera Barumsaa
Maqaa Moojulichaa: Dhimmoota Barnoota Keessatti Xiyyeeffannoo Barbaadaan
(Cross Cutting Issues in Education)

Kan Qopheesse: Yunivarsiitii Jimmaa
Kan Barreesse: Siyyum Kabbadaa
Gulaalaan Keessoo: Jireeynaa Urgeessaa
Gorsaan: PRIN International Consultancy & Research Services PLC
Ogeessa Qophii Moojulaa: Yekoyealem Dessie


Maqaa Koorsichaa: Dhimmoota Barnoota Keessatti
Xiyyeeffannoo Barbaadan
(Cross cutting Issues in Education)
Koodii Koorsii: EDUC 301
Wayitii (Cr.hr.) : 3
Sa’aatii (Contact hr.): 4

Moojulicha Qindeessuun Afaan Oromootti kan hiikan, Barsiisota Kolleejjii Barnoota Barsiisota Jimmaa:

  1. Gosaa Buraayyuu (MA)
  2. Alamaayyoo Takiluu (MA)
  3. Lammeessaa Urgeessaa (MA)
  4. Daanyee Admaasuu (MA)

Gulaaltonni:

  1. Fireewu Baqqalaa (MA) KBB Mattuu
  2. Waaqshuum Tarrafaa (MA) KBB Roobee
  3. Abrahaam Baqqalaa (MA) KBB D/Doolloo

Mallattoolee (Icons)
K/barsiisaa/tuu: moojula kana keesssatti mallattoolee adda addaatti fayyadamuun dhimmootni adda addaa aggarsiifamaniiru. Moojulicha qo’achuu osoo hin eegalin, mallattoolee kana beekuu si barbaachisa.

Kun moojula, boqonnaa fi kutaalee keessatti seensi akka jiru sitti mul’isa.

Kun gaaffiin ykn wanti itti yaadamu akka jiru sitti agarsiisa.

Kun Gocha ati hojjechuu qabdu sitti agarsiisa.

Kun qabxii barbaachisaa ati hubachuu fi yaadachuu qabdu sitti agarsiisa.

Kun yaalii dhuunfaa sitti agarsiisa.

Kun cheekliistii qabxiilee ijoo sitti agarsiisa.

Kun abbaltii barreeffama sitti agarsiisa.

Kun deebii gochaalee adda addaa fi yalii dhuunfaa sitti agarsiisa. 

Kaayyoolee moojulaa ykn boqonnaa sitti agarsiisaa.

Contents
Boqonnaa Tokko4: Gita Korniyaa Barnootaa fi Misooma keessatti 4
1.1. Gita Korniyaa fi yaad-rimeewwaan Gita koorniyaa wajjin walqabatan 5
1.1.1. Yaa-rimee Korniyaa 6
1.2. Dhimmoota Gita Korniyaa Dubartootaa irratti Xiyyeeffachuun maal fayyadaa? 12
1.2.1.Miidhaawwan loogii Gita Korniyaa 18
1.2.2. Qoodinsa Gahee Hojii Gita Korniyaa 21
1.2.3. Sababoota Qoodinsa Hojii Gita Korniyaa 26
1.2.4. Tooftaalee Qoodinsa Hojii Gita Korniyaa irratti Hundaa’e dhabamsiifamu 28
1.3.Gita Korniyaa fi Barnoota 30
1.3.1. Barbaachisummaa dubartootaa Barsiisuu 33
1.4.Immaamata, Tarsiimoo fi Kallattii MisoomaGita Korniyaa 36
1.4.1. Walqixxummaa Korniyaa fi Walgitinsa Korniyaa 36
1.4.2. Walqixxina Gita Korniyaa Mirkaneessuuf Sochii akka Adunyaatti Taasifame 38
1.4.3. Kallattii immaammata Korniyaa akka Addunyaa Hubataman 39
1.4.4. Imaammata Korniyaa Itophiyaa 45
Boqonnaa Lama: HIV/ AIDS fi Barnoota 50
2.1. Yaad-rimee Bu’uuraa HIV/AIDS 51
2.2.Karaalee HIV/AIDS’n ittiin Dadarbu 56
2.3.Miidhaalee Ijoo AIDS’n Jireenya nama dhunfaa fi biyya irratti fidu 59
2.4.Tarsiimoowwan Ittisa AIDS 61
Boqonnaa 3 : Naannoo fi Barnoota 67
3.1 Yaad-rimeewwan Naannoo fi Barnoota Naannoo 68
3.2 Dhimmoota Naannoo (Environmental issues) 70
3.3 Barnoota Naannoo 75
3.4 Akeeka, kaayyoowwan fi bu’uuraalee Barnoota Naannoo 77
3.5 Gahee beekumsi darbaa dabarsaan dhufan barnoota naannoo keessatti qabu 79
3.6. Barnoota naannoo guddina itti fufiinsa qabuuf 83
1.7 Naannoo Uumamaa kunuunsuu 85
3.8 Tarsiimoowwan kunuunsa naannoo Imaammata barumsaa fi leenjii keessatti ibsaman 93
Boqonnaa 4: Barnoota Fayyaa fi Sirna Nyaataa 98
4.1.Barbaachisummaa fi walitti dhufeenya Sirna nyaataa, Fayyaa fi Barnootaa 100
4.1.1. Barnootni Sirna Nyaataa Maaliif Barbaachisa? 102
4.1.2. Manneen Barnootaa irratti Hojjechuun Maaliif Barbaachisa? 103
4.2.Soorata Gaarii 104
4.2.1. Nyaatni maaliif nu barbaachisa? 105
4.2.2. Fedhii Nyaataa 110
4.2.3. Dhiibbaawwan Hanqina Nyaata Madaalamaa 113
4.3.Fayyaa fi Qulqullina 114
4.3.1. Beekumsaa fi Kuunuunsa 115
4.3.2. Fayyaa fi Akkaataa Jireenya Fayyaa 116
4.3.3. Haalota Fayyaaf Bu’uura ta’an 117
4.3.4. Akkaataa jireenya fayyaalessa (Healthy lifestyle) 118
Boqonnaa 5: Ogummoota Jireenyaa 126
5.1 Hiika Ogummaa Jireenyaa hubachuu 127
5.2 Barbaachisummaa Ogummoota Jireenyaa 128
5.3 Gosoota Ogummaa Jireenyaa 129
Kitaabilee Wabii 142

Haala Xiyyeeffannoo Mojuulichaa
Barnoonni tooftaalee ilmi namaa beekumsa, humna ykn badhaadhina yookiin mala ittiin jireenya isaa fooyyeeffatu qofa miti. Barnoonni duudhaalee haaraa kan maddisiisu, sammuu walaboomsu, jireenya hawaasaa fi namuummaa irratti dhiibbaa qajeelaa kan uumuudha. Barnoonni qulqullina qabu itti fayyadamtoonni ijaarsaa fi dagaagina hawaas-dinagdee biyya isaanii akka saffisiisanii fi birmadummaan ilmaan namaa akka fixaan bahuuf kan gahoomsudha. Duudhaalee barnootaa barattoota keessatti akka ijaaramuuf kadhimamtoonni barsiisootaa ogummawwan misooma hawaasaa saffisiisuu danda’an yeroo yeroon jijjiiramaan adeeman kana faana tarkaafachuuf dhimmoota addunyaa kana irratti hubannoo gahaa ta’e gonfachuun irraa eegama.
Dhimmoonni xiyyeeffannoo yeroo dhimmoota hawaasummaa kannen akka priinsiipiloota dimookiraasii, bulchinsa gaarii, mirgoota daa’immanii, walgitinsa korniyaa, barnoota uummataa fi jireenya maatii, hiyyummaa xiqqeessuu, misoomaa fi eegumsa naannoo fi kkf kan of keessatti qabatudha. Dhimmoota addunyaawaa kanas sirna barnootaa keessatti hammachiisuun adeemsaa fi qabiyyee barnootaa haala qabatamaa jireenya dhuunfaa fi hawaasaa waliin wal-simsiisuun hiika qabeessa akka ta’u dandeessiisa. Baruu–barsiisuu haala qabatamaa waliin walqabsiisuun si’oomina barachuu kan cimsuun alatti beekumsa, ogummaa fi ilaalcha sirri ta’e gonfatanii jiruu fi jireenya isaanii irratti jijjiirama hiika qabeessa ta’e akka uumaniif kan isaan gahoomsudha.
Muuxannoon akka agarsiisutti barsiisoonni haala addunyaawaa kana adeemsa baruu- barsiisuu isaanii keessatti qindeessuun dhiyeessuu keessatti rakkoon isaan muudachaa jira. Barsiisoonni dhimmoota kana sirna baruu-barsiisuu kessatti qindeessuun barattoota hubachiisuu fi gahumsa akkaadamikii fi ogummaa isaanii cimsuuf sirna barnootaa leenjii hojii duraa fi hojii keessaa irratti dhimma addunyaawaa qindeessuun barbaachisaadha.
Misooma amansiisaa fi ittifufiinsaa mirkaneessuuf dhimmoota kanneen akka HIV/AIDS, kunuunsa naannoo fi korniyaa idileessuu ilaalchisee sirna barnootaa keessatti hammachiisuun dhaloota ittifufiinsaan hubachiisaa adeemuun murteessaadha. Haaluma kanaan, kaadhimamtoonni barsiisootaa dhimmoota korniyaa idileessuu waliin wal-qabatan ilaalchisee hubannoo gad-fageenyaa qabaatanii hojii irra oolchuu keessatti miira itti gaafatamuummaa dagaagfatanii shoora isaan irraa eegamu xaphachuun irraa eegama.
Akkuma biyyoota Afriikaa hedduu, biyya keenya Itoophiyaa keessattis dhiibbaa aadaa irraa kan madde garaagarummaa ilaalchaa fi loogii dhiirotaa fi dubartoota giddutti babal’ate dhiphisuuf carraaqqiin walitti fufinsaa yoo taasifame iyyuu, walqixxummaa korniyaa gama abbummaa/haadhummaa qabeenyaa mirkaneessuu dabalatee rakkooleen hedduun ammallee hojii ittifufiinsaa fi qindoomina qabu barbaachisa.
Kanaafuu, barnoonni ogummaa jireenyaa (life skills education) dagaagina ogummaa saayikoo-hawaasummaa kadhimamtoota barsiisootaa saffisiisuun rakkoolee fi fedhiiwwaan jireenya hawaasaa guyyaa guyyaan muudatu hawaasni furmaata akka itti kennatu dandeesiisuu irratti kan xiyyeeffatudha. Barsiisoonni duraan dursa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan kana irratti leenjii fi tattaaffii dhuunfaan of- gahoomsuun tarsiimoo korniyaa idileessuu keessatti yaad-qalbii barattootaa akka jijjiiramuuf haala mijeessuun lammii addunyaa kanaaf furmaata maddisiisan akka ta’aniif gahee adda durummaa bahuun irraa eegama. Ogummaawwan hedduu keessaa ogummaan jireenyaa dagaagina yaad-qalbii qabatamaa uumuun dhalli namaa dandeettii haala gaariin of-waliin akka jiraatuu, waliif waliin hariiroo gaarii uumuu, murtee sirrii kennuu, waa uumuu, walitti bu’insa haala gariin hiikuu (hogganuu) fi muddama xiqqeessuu (copying stress) dagaagfachuun jireenya hiika qabeessaa fi fooyya’aa ta’e umuun misooma amansiisaa fi itti fufiinsaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Bu’aawwan barachuu mojulii kana irraa Eegamu
Xumura mojuulaa kana booddee kadhimamtoonni barsiisoota manneetii barnoota sadarkaa jalqabaa;-
 Dhiimmoota addunyaawaa xiyyooffannaa barbaadanii immaammata barnootaa biyyootaa keessatti hammatamani hubatu
 Tarsiimoo jireenyaa dhuunfaa isaanii foyyeessan wixineessuuni fi hojii irra olchuun jijjiirama fakkeenyummaa qabu argamsiisu.
 Hojii ogummaa isaanii irratti gahumsa amansiisaa horachuun jiruu- jireenyaa milkaa’ina qabu gaggeeffatu
 Jireenyaa gaggeeffatan keessatti rakkoolee fi qorumsa isaan mudatan furmaata itti kennuu kan dandeesiisan ogummaa jireenyaa adda addaa horatu.
 Barbaachisummaa korniyaa idileessuu hubatu, ni dinqisiifatu akkasumas adeemsa garagarummaa korniyaa dhiphisuu biyyi keenya tarkaafachisaa jirtu adeemsa baruu- barsiisuu keessatti hojii irra oolchuu, hawaasa naannoos ni hubachisu, ni gahoomsu.
 Naannoo eeguu fi kunuunsuu keessatti shoora adda durummaa ni taphatu.

Boqonnaa Tokko
Gita Korniyaa Barnootaa fi Misooma keessatti
(Gender in Education and Development)

    Seensa Boqonnaa kanaa 

Jarraa hedduutiif, keessattuu hawaasa hin qaroomne keessatti garagarummaan dhiirotaa fi dubartoota gidduu jiru haala hawaasummaan hiika itti kennamee olaatummaa dhiiraa mirkaneessee fi dhaloota irraa gara dhalootaatti dabarseera. Haaluma kanaan, dhiironnii fi dubartoonni haala adda addaan ilaalamuun gahee hojii adda addaas dalagaa turan; dalagaas jiru. Qoodiinsi gahee hojii hawaasummaan qoodame kuns gahee adda addaa korniyaa lamaniif kan qoode qofaa osoo hintaane jireenya hawaasummaa keessatti garaagarummaa qooddannaa carraa, aangoo fi abbaa qabeenyuummaa dhiiraa fi dubaraa gidduutti uumeera. Karaa biroo dhiibbaa garaagarummaan ilaalchaa fi qoodiinsi gahee hojii koorniyaa hawaasummaan ijaarame kun sadarkaa aadaa irratti murtaa’ee walitti dhufeenya namoota dhuunfaa qofa irratti kan murtaa’u osoo hintaane, gara dhimmoota misoomaa keessatti diriiruudhaan barnoota keessatti, carraa hojii argachuu fi kunuunsa fayyaa argachuu irrattii fi siyaasa keessatti kan qabatamaan argamuudha.
Sababa kanaatiif, kutaalee addunyaa kanaa biyyoota garaagaraa keessatti haalli dubartoonnii fi dhiironni ilaalamanii fi kunuunfaman sirna hawaasummaa ammayyaa ammaa keessatti dhimma ijoo xiyyeeffannaan addaa kan itti kennamedha.` Kanaafuu, baranoota walqixxummaa korniyaa dubartoota gahoomsu irratti xiyyeeffate barachuun rakkoolee hacuuccaa dubartoonni sababa dubartummaa isaaniitiin hawaasummaa, dinagdee fi siyaasa keessatti irraan gahu akka hubatamuu fi rakkoolee kanas sadarkaa sadarkaan dhabamsiisuuf jijjiirama hubannoo fi ilaalchaa uuman sochii sirreeffamaa taasifamu keessatti qooda fudhachuuf nama dandeessisa.
Moojuula kana keessatti yaad-rimee korniyaa, qoodinsa hawaas-aadaa korniyaa irratti hundaa’ee fi miidhaa inni uume, akkasumas faayidaa barnoota korniyaa misooma haawaasummaa, dagaagina dinagdee fi siyaasaaf qabu ni barattu. Kutaalee mojulichaa garaagaraa keessatti barnootichi gochaalee qabatamaan kan deggaramu waan ta’eef, kadhimamtoonni barsiisootaa of eeggannoon gochaalee kennaman dalaguun jijjiirama ilaalchaa loogii korniyaa irraa bilisa ta’e gonfattan yaad-qalbii qajeelaa fi hawaasni naannoo irraa baratuu akka horatan irraa eegama.
Bu’aa barachuu boqannicha irraa eegamu
 Garaagarummaa korniyaa fi gita korniyaa, gahee korniyaa fi gahee gita korniyaa addaan baafatu.
 Gochaalee fi ilaalchawwan kaka’umsaa fi hamilee hirmaannaa dubartootaa miidhan ni balaaleffatu.
 Hawaasa aadawaa (traditional society) keessatti korniyaan gahee hojii dubartootaa fi dhiirotaa haala inni dhiibbaa uumu ni hubatu.
 Hawaasa keessa jiraatan keessatti gahee wal qixa taphachuuf fedhii fi kutannoo ni gabbifatu.
 Dhiibbaa sagantaalee fi imaammata korniyaa gahumsa dubartootaa cimsuun adeemsa misooma biyyaa keessatti akka qooda fudhatan dandeesiisuuf qophaa’ee hojii keessa galame ni madaalu.
1.1. Gita Korniyaa fi yaad-rimeewwaan Gita koorniyaa wajjin walqabatan
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Dhimmoota yeroo ammaa akka addunyaattis ta’ee akka biyya keenyaatti xiyyeeffannoon itti kenname keessaa dhimmi gita korniyaa sirna hawaasummaa ammayyaa keessatti dhimma ho’aa ta’uusaa hubatteetta. Kuns, barnootni gita korniyaa yaad-rimee xiyyeeffannoo addunyaa kanaa ta’uusaa fi dubartoonni sababa korniyaa issaniitiin dhuunfaan, hawaasummaan, dinagdee fi siyaasa keessatti hacuuccaa jala akka turan hubattee rakkoolee kanas dhabamsiisuuf sagantaalee bahan hojii irra olchuuf gahee kee akka baatu si hubachiisa.
1.1.1. Yaad-rimee Korniyaa
Yaad-rimeewwan armaan gaditti ibsaman garaagarummaa dhiirotaa fi dubartoota gidduu jiruu fi garaagarumman kuns sirna hawaasummaa keessa jiraatan haala ittiin ilaalamu hubachiisa.

  1. Korniyaa fi Gita Korniyaa: Garaagarummaan isaan gidduu jiru maali?

Namoonni hedduun jecha korniyaa (sex) fi gita korniyaa wal-jijjiiranii fayyadamaa jiru, garuu adda addummaa bal’aa qabu. Hubannaa dogoongoraa kana irraa ka’uudhaan yeroo ammaa kana hawaasa hedduu keessatti dhiironni carraa olaantummaa hawaasummaa keessatti yammuu gonfatan, dubartoonni garuu sababa uumama korniyaa isaanii irraa kan maddee qooddannaa carraa kana dhorkamaniiru. Yaada-rimee kana irratti hubannoon kee akka cimuuf gad-fageenyaan gargar bahee ilaalamuu qaba.

Korniyaa) (sex):
Akka Santrock (2002)tti, korniyaan (sex) garaagarummaa baayoolojikaalawaa fi fiizikaalawaa (qaamaa) dhiiraa fi dubaraa wayitii dhalootaan duraa fi eega dhalatanii kaasee irratti mul’atudha. Kana jechuun, dhiirri mallattoo dhiirummaa isaa mirkaneessu qabatee yammuu dhalatu, dubartiinis akkanuma mallattoo ykn qabiyyee dubartummaa mirkaneessu uumamaan qabattee dhalatti. Kuns qaama wal-hormaataa fi jijjiirama qaamaa biroo qabataanii dhalatan ilaaluun mirkaneeffachuu danda’ama (fkn. dubartiin harmi ishee yammuu guddatu dhiironni areeda biqilchatu). Sababni uumama korniyaa)a dalagaalee uumamaa kiroomoozoomii fi keessoo atoomikii (internal atomic) kan gaggeeffamu irraa madda.
Gita Koorniyaa (gender):
Akka Brett (1991) tti gitni korniyaan aadaa ulaagalee hawaasummaan ijaarame irratti hundaa’uu garagarummaan dhiiraa fi dubartii kan ittin ibsamudha. Ibsi enyummaa dhiiraa fi dubaraa kuns dhirummaa ykn dubartummaa isaanii irratti kan bu’ureeffatudha. Kuns amaloota fizikaalawaa ilaaluun kan addan bahu miti. Gitni korniyaa gahee hojii (Roles) fi yaad-qalbii adaa fi sirna hawaasummaa dhiiraa fi dubartoonni akka gonfatani ta’e dhiirri dubaartii irraa kan ittin garagar ta’u kan ijaaree irratti hundaa’a.
Haala walfakkaatuun akka Santrock (2002)tti, gitni korniyaa garaagarummaa dhiiraa fi dubaraa kan yaad-qalbii hawaasummaan ijaarame irratti kan ittin isamu ta’ee kan uumamaan kennamu osoo hintaanee aadaa fi sirna hawaasummaa waliin wal-qabate kan baratamuu fi bakka irraa bakkatti adda addummaa kan qabaatudha. Itti dabalees yaad-qalbiin korniyaa yeroo gara yerootti jijjiramuu danda’a (dynamic). Gita korniyaa adeemsa hawaasummaa fi saayikoloojawaa ta’een ibsa enyummaa dhala namaa ta’ee tajajila.

Gahee Gita Korniyaa (gender role) fi Gahee Korniyaa)(sex role)
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, adda addaummaa gahee korniyaa (sex roles) fi gahee gita koorniyaa (gender roles) gidduu jiru ibsuu dandeessaa?
Qabiyyeen barachuu kanaa hawaasa keessa jirtu keessatti dhiirrii fi dubartiin maaliif gahee hojii adda adda ta’e akka dalagan hubachuuf si dandeessisa. Akkuma yaad-rimeewwan korniyaa fi gita korniyaa namoonni hedduun garaagarummaa gahee korniyaa fi gahee gita korniyaa sirnaan hubachuu hindandeenye. Garuu yoo hariiroo qabaatan iyyuu, garaagarummaa bal’aa ta’e qabu. Kanaafuu, yaad-rimeewwan kana irratti hubannoo sirrii ta’e akka qabaattuuf gargar baafamanii ilaalamuu qabu.
Gahee Korniyaa (Sexrole):
Gaheen korniyaa tajaajila baayooloojikaalawaa korniyaa) waliin kan wal-qabate ta’ee uumamaan kan raawwatudha. Kanaafuu, haala tajaajila baayoloojikaalaawaa ta’e kennaniin dhiirrii fi dubartiin gahee korniyaa adda adda ta’e qabaatu. Gaheen korniyaa dhiirotaa ulfeessuu (impregnate) yammuu ta’u gaheen korniyaa dubartootaa immoo ulfaa’uu, mucaa dahuu fi harma hoosiisuudha. Kan hubatamuu gabu gaheen korniyaa akka gahee korniyaa kan baratamu osoo hintaane uumamaan dhala namaaf kan kennamudha.
Gahee Gita korniyaa(gender role)
Gaheen gita korniyaa korniya namootaa irratti hundaa’ee sirna hawaasummaa keessa jiraataniin dhirotaa fi dubartootaa kan kennamu ta’ee, namoonni gahee gita korniyaa isaaniif kenname kabajanii akka raawwatan irraa eegama. Kanaa ala deemnaan safuu hawaasummaa cabsuu jehamee tuffatama. Haaluma kannan, hojiin mana keessaa (domestic works) dubartootaaf yammuu qoodamu hojii dirree dalagaman dhiirotaaf kan kennamanidha. As irratti kan hubatamuu qabu gaheen gita korniyaa aadaa tokko irraa gara aadaa birootti yookiin yerootii gara yerootti adda adda ta’uu danda’a; akkasumas jijjiiramaafis saaxilamaadha.

Kaadhimamtoota barsiisotaa, deebiin gaaffii armaan olitti gaafatamtaniif kan ofii isaanii filatan osoo hintaane kan hawaasni naannoo keessa jiran isaan irraa eeguuf of qopheessu akka jettan shakkiin hinjiru. Gaheenii fi hojiiwwan gita korniyaa ijoolleef kan maddu aadaa, seeroota fi amantaalee hawaasa keessa jiraatan keessaati. Sirni hawaasummaa kamiyyuu ijoollen isaanii sababa dhiira yookiin dubara ta’uurraa kan ka’e maal akka dalagan, yaad-qalbii akkamii akka calaqisiisan, akkamitti akka dalagan, akkamitti currisa isaanii akka ibsatanii fi ilaalchisee hubatanii akka ofitti fudhatan ni taasifama.
Hawaasa hedduu keessatti dubartoonni hojiiwwan mana keessaa dhiironni immoo hojiiwwan mana ala jiran hojjetanii madda galii akka uumani irraa eegama. Haaluma kanaan ijoolleen gahee gita korniyaa isaan irraa eegamu fixaan baasuuf tapha gahee gita korniyaa isaanii ilaalu taphachuu ofii isaanis shakalaa adeemu. Kana jechuun ijoolleen dubartootaa gahee hadhummaa ijoolleen dhiiraa immoo gahee gita korniyaa abbaa isaanii akkeessanii taphatu.
Ijoolleen gahee gita korniyaa isaan irraa eegamu maatii isaanii irraa barsiifamu hubachaa adeemu. Karaa biraas gocha maatii isaanii itti dhiyeenyaan daawwachuun ofumaa kan barachaa adeemanis ni jira. Ijoolleen qaamaa fi xiin-sammuun yammuu bilchaataa adeeman gahee gita korniyaa isaan irraa eegamu maatii isaanii gammachiisuu jecha ykn immoo kennaa uumamaa akka ta’e hubatanii ofitti fudhachuun yaad-qalbii gahee gita korniyaa isaanii barachuun qabatamaan raawwachaa adeemu.

Biyyoota sirna aadawaa (traditional societies) keessatti dhiironnii fi dubartoonni walqixa hin ilaalamani. Dhiironni dheekkamaa, of-danda’aa, abbaa humnaa fi fixaan baasuu irratti kan xiyyeeffatu (achievement oriented) kan irraa eegumu ta’ee dubartoonni immoo yaad-qalbii kunuunsitoota, hirkattummaa fi human ykn qaamaan laafoo akka ta’an eegama. Amalli abbaa hirree dhiirummaa (muscular characteristics) hawaasa biraatti ni barbaadama. Dubartoonni garuu amala dubartummaa (feminine characteristics) akka baratan taasifamu.

Kanaafuu, yaad-qalbiin loogii gita korniyaa (gender stereotype) yaada walitti qabaa yaad-qalbii korniyaa, garaagarummaa korniyaa fi gahee hojii namoota dhuunfaa fi garee irratti hundaa’uun sirna hawaasummaa keessa jiraatan irraa kan maddedha.

Akkuma gahee hojii gita koorniyaa, biyyoota sirna hawaasummaa aadawaa keessa jiran keessatti gahee korniyaa dubartootaa fi dhiirotaa walqixa hin ilaalaman ykn hinkabajaman. ilaalcha waliigalaa hawaasni gahee korniyaa dubartootaaf kenne baayyee nama rifachiisa. Isaan keessaa kanneen hawaasummaa hedduu keessatti raawwataman keessa qabxii armaan gaditti ibsaman hubachuun gaariidha.

  1. Qaamni wal-hormaata dubartii qaanii akka ta’etti hubachuu:
    Maatiin ijoollee dubaraa qaama wal hormaata isaanii akka dhoksatan dhiira caalaa hordoffii itti cimsu. Dhugaan jiru qaamni korniyaa) kamiyyuu isa biroo caalaa kan qaaneessu ykn bareedu osoo hinta’in kenna uumamaati.
  2. Dubartiin jaalalaa ishee ibsachuu/himachuu akka safuutti fudhachuu:
    Dubartiin fedhii korniyaa abbaa manaa ishee guutuu malee fedhii korniyaa dhuunfaa ishee ibsachuu fi guuttachuuf yaad-qalbii mul’ataa calaqqisiisuun qaanii akka ta’etti ilaalama. Dhugaan jiru garuu fedhiin korniyaa)’oo lamaaniifuu akka damee uumama jireenyaa waan ta’eef dubartoonnis akkuma dhiirotaa fedhii korniyaa waan qabaniif, gammachuu (pleasure) qunnamitii korniyaa raawwachuu irraa argamu isaan barbaachisa.
  3. Dubartoota akka qabeenya dhiirotaatti ilaaluu
    Sirna hawaasummaa hedduu keessatti dubartiin waan isheen qabdu qaama ishee dabalatee akka qabeenya abbaa manaa isheetti ilaalamuun fedhii abbaan manaa ishee irraa barbaadu mara guutuun irraa eegama. Garuu namni kamiyyuu qaama dhuunfaa isaa qabaatee yoom, akkamittii, essattii fi enyu waliin akka itti gargaaramu murteeffachuu danda’uu qaba.

1.2. Dhimmoota Gita Korniyaa Dubartootaa irratti Xiyyeeffachuun maal fayyadaa?

Dhimmi gita korniyaa dhimma dubartootaa qofa kan ilaallatu osoo hintaane dhiirotaas ilaallata. Garuu dhimmi kun qabxii xiyyeeffannoo sochii dubartootaa ta’ee kan ilaalameef sababoota garaagaraatu jiru. Sababoonni kuns:

  1. Dubartoonni sababa wal-qixxummaa dhabameen dhiiroota caalaa hacuucamaa turaniiru; ammas kutaalee addunyaa hedduu keessatti midhamaa jiru.
  2. Dubartoonni dhimma wal-qixxummaa gita korniyaa mirkaneessuuf sochii adda durummaa waan taasiisaa jiraniif.
  3. Dubartoonni dagaagina hawaas-dinagdee biyya isaaniitiif qabeenyaa humna namaa kuufamaa fi hojiirra kan hinoollee (untapped) waan ta’eef.
  4. Barmaatileen miidhaa geessisan hawaasa keenya irraa maddan heddumminaan dubartoota irratti waan raawwatuuf
  5. Sababa gochaalee fi ilaalcha miidhaa geessisan irraa kan madde dubartoonni mirga barachuu, tajaajila fayyaa haalaan argachuu fi tajaajila hawaasummaa biroo dhabaa waan jiraniif
  6. Dhimmoonni dubartootaa sagantaalee adeemsa misoomaa keessatti amma barbaadame waan hin hammatamnee fi kkf
    Dhimmoonni wal-qixxummaa gita korniyaa mirkaneessuu hirmaannaa dhiirotaan yoo argame malee sochii dubartootaatiin qofa madaala qoodiinsa aangoo dhiirotaa fi dubartoota gidduu jiru wal-qixxeessuun hin danda’amu. Kana jechuun, hanga dhiironni jijjiirama yaad-qalbii argamsiisanii fi mana keessatti ittigaafatamummaa qooduuf eyyemamaa ta’anitti dubartoota qofa aangeessuu fi jajjabeessuun qofti galama barbaadame argamsiisuu hindanda’u.
    Dagaagina Eenyummaa Gita korniyaa (Gender Identity) : sababa bu’uraa

Eenyummaan gita korniyaa ilaalcha dubara ykn dhiira ta’uu isaa/ishee irratti dhuunfaan of irratti qabu/dudha. Garaagarummaa gita korniyaatiif qabattoota madda ta’an keessaa isaan ijoon akka armaan gadiitti dhiyaataniiru:
A) Qabattoota dhuunfaa:
Saayikooloojistoonni tokko tokko akka ibsanutti, ijoolleen muuxannoo keessoo mataa isaaniitiin korniyaa uumuu danda’u. Ilaalchi ijoolleen korinyaa ilaalchisee tattaaffii dhuunfaa isaaniitiin dagaagfatan gosa gita korniyaa (gender typing) jedhama. Gosni gita korniyaa adeemsa ijoolleen gita korniyaa isaanii ilaalchisee haala kamiin currisa akka argsiisan, akkamitti akka yaadan yaad-qalbii akkamii akka mul’isan sirni hawaasni isaan irraa eegu carraqqii dhuunfaa isaaniitiin kan baratanidha (Santrock,2002). Kuns ijoolleen dhiiraa yaad-qalbii dhiirummaa (mesculine) dubartoonni immoo yaad-qalbii dubartummaa (feminine) aadaan naannoo keessatti guddatan irraa eegu yaadu, ni baratuu akkasumas ni shaakalu.
Akkuma saayikoloojiistoota yaad-sammuutti ijoollen gosa gita korniyaa (gender typing) kan dagaagfatan yaad-rimee koorniyaa isaanii dagaagfatanii boodadha. Dhiira ykn dubartii ta’uu isaanii yammuu hubatani ijoolleen addunyaa kana haala gita korniyaa isaanii wal-simsiisuun ni qindeeffatu. Fakkeenyaaf yaad-qalbii gita korniyaa isaanii akkeessuuf ykn immoo irraa barachuuf nama korniyaa isaanii ta’e filatu. Ijoolleen dhiiraa yaad-qalbii abbaa isaanii fi dhiirota biroo naannoo isaanii jiru irraa yammuu baratan, ijoolleen dubaraas akkasuma haadha isaanii fi dubartota biroo irraa yaad-qabii dubartummaa baratu. Xumura irratti gita korniyaa hawaasni isaan irraa eegu ala yoo calaqisiisan maatii isaanii fi hawaasa naannoo isaaniitiin balaaleeffatamu ykn fudhatama dhabu.
B. Qabattoota Aadaa waliin walqabatan: gochaalee, ilaalchaa fi waan sirna hawaasa tokko ijoollee irraa eegu
I. Gochaalee aadaa Sirna Hawaasummaa (cultural Practices of society)

Addunyaa hawaasummaa keenyaa keessatti gita korniyaa fi aadaan hariiroo cimaa qabu. Aadaan gahee hojii fi yaad-qalbii dhiirotaa fi dubartoota irraa eegamu addaan baasee akka of keessaa qabu ni beekama. Dhiironni jabina maashaa (humna) cimaa fi abbaa ogummaa ta’uun yammuu irraa eegamu dubartoonni immoo callistootaa fi qaamaan laafoo akka ta’an aadaan hawaasaa hedduu ni addeessa.
Qorannoon hedduun akka agarsiisutti calaqqeen sirna hawaasa keenya keessa jiru dhiironni yaad-qalbii dhiirummaa aadawaa (traditional male) dubartoonni yaad-qalbii dubartummaa aadawaa (traditional female) akka baratan dhiibbaa olaanaa taasiisa. Kanaafuu, aadaan gochaalee dhokataa fi mul’ataa uumuudhaan garaagarummaan gita korniyaa akka uumamuu fi dhalootaa gara dhalootaati akka darbu ni taasisa. Dhiibbaan kuns bifa adda addaatiin of ibsa. Fkn.
 Haadha manaa ofii reebuu fi dhaanuu
 Aadaa fudhaa fi heerumaa
 Gochaalee safuu, qaanii aadaa ta’an kkf
II. Yaad-qalbii ga’eessi eegu ykn fedhu (Adult’s Expectation)
Ijoolleen ilaalcha enyummaa gita korniyaa isaanii yaad-qalbii hawaasummaa ga’eessi isaan irraa eegu irraa barachuu danda’u. Ijoolleen adeemsa sadarkaa dagaaginaa isaanii hunda keessatti wayitii yaad-qalbii gita korniyaa isaan irraa eegamu yammuu mul’isan, ga’eessoonni isaan onnachiisu. Garaagarummaan gita korniyaa hawaasaan uumame kuns dhiironni dubartoota irratti miira olaantummaa akka uummatan kan onnachiisu yammuu ta’u, dubartoonni immoo yaad-qalbii dhiirootaa irraa kan ka’e agarsiisan taasiisuudhaan mirgoota isaanii haalaan akka itti hingargaaramne kan hamilee keessatti doomsudha.
III. Qabatamtoota Hawaasummaa fi Naannoo (Social and Environmental Factors)
Akka yaad-hiddama hawaasummaa gita korniyaatti, ijoolleen yaad-qalbii hawaasa naannoo isaanii ilaaluu fi akkeessuun yaad-qalbii gita korniyaa isaanii dagaagfatu. Qabattoonni hawaasummaa fi naannoo irraa maddan keessaa kanneen beekamoo ta’an kanneen armaan gaditti ibsamanidha.
A. Dhiibbaa Maatii (Parental Influences)
Akka yaad-hiddama hawaasummaa gita korniyaatti, maatiin hawaasummeessuu ijoollee keessatti gahee olaanaa waan qabaniif, dagaagina gita korniyaa keessatti ijoolleen isaanii garaagarummaa gita korniyaa akka baratan dhiibbaa olaanaa taasiisu. Aadaawwan hedduu keessatti maatiin gita korniyaa ijoollee isaanii akkuma dhalataniin addaan baafatu. Sana booddee uffataan, haala qabannaa rifeensa isaanii fi meeshaalee taphaa gita korniyaa isaanii adeemsa dagaagina isaanii hunda keessatti aaddaan baasuun garaagarummaa gita korniyaa ijoollee isaanii barsiisu ykn onnachiisu. Adeemsi kuns hawaasomsuu gita korniyaa (a gender socialization) jedhama. Akka saayikolljistoota hawaasummaatti hawaasomeesuun adeemsa ga’eessonni ijoolleef beekumsa, ogummaa fi amala hawaasummaa barbaadu kennuutiin miseensa garee ykn hawaasaa bu’aa buusu ta’anii akka keessatti hirmaatan dandeesisuudha.
Haala dhiirummaa fi dubartummaa isaaniitiin garaagarummaa hawaasumeessuu garaagarummaa gita korniyaa akka uumaa adeemus ifaadha. Dhiironni yaad-qalbii garee gita korniyaa isaanii ilaallatu addaan baasanii barachuun gochaalee ykn yaad-qalbii dubartoota ilaallatu ni dhisuu; ni tuffatus. Haaluma kanaan, dhiironni finciltootaa fi taphoota jabina qaamaa gaafatan hordofuun hojii mana keessaa (kitchen) fi yaad-qalbii dubartoota irraa eegamu lagatu ykn irraa of qusatu.

Sources: Ethiopia Harmful Traditional Practices (2000)
Saayikoloojistoonni hedduun karaa hawaasummaas ta’ee karaa saayikoloojaawaa dagaagina gita korniyaa ijoollee irratti gahee olaanaa akka qaban irratti waligalu. Maatiin ijoollee isaanii karaa adda addaatiin hawaasomsu:
• Adabbii fi onnachisuutiin
• Gochaalee isaaniitiin ykn fakkaatii ijoolleen isaanii irra bataratan ta’un.
• Ijoolleen isaanii tapha, gochaalee fi gahee adda addaa gita korniyaa isaanii waliin deemu hirmaachisuunii fi kkf
Walumaa galatti, maatii ijoolleen dubaraa isaanii yaad-qalbii dubartummaa (feminine) akka barattuu yammuu qajeelchan, ijoolleen dhiiraa immoo yaad-qalbii dhiirummaa (mesculine) akka gonfataniif dhiibbaa olaanaa uumu. Kana irraa kan ka’e, ijoolleen yaad-qalbii gita korniyaa isaanii ilaallatuu fi dambii aadaa keessa jiraatan gitu keessatti hirmaatu.
B. Dhibbaa Hiriyyootaa

Sadarkaa maatiitti aansee dhiibbaan hiriyaa yaad-qalbii dhiirummaa (mesculine) fi kan dubartummaa (feminine) sirni hawaasummaa keessa jiraatan irraa eegu akka dagaaguf gahee olaanaa qaba. Ijoolleen yammuu umuriin isaanii dabalaa adeemu hiriyoota gita korniyaa isaanii walfakkaatu waliin hariiroo cimaa ta’e uumuun yaad-qalbii gita korniyaa isaanii wal-irraa baratu.
C. Dhiibbaa Barsiisootaa fi Mana Barumsaa irraa Maddu
Mana barumsaa keessatti ilaalchii fi haalli qabannaa barattootaa barsiisootaa fi gaggeessitoota manneetii barnootaan raawwatamu garaagarummaa gita korniyaa agarsiisuun alatti akka jajjabaatu ni taasiisa.
Dhiironni dabartoota caalaa barnoota isaanii fixaan akka baasani xiyyeeffannoo fi deggarsi olaanaan barsiisoota irraa argachuu danda’u. Kuns barattoonni yaad-rimee gita korniyaa isaanii akka hubatanii fi ofitti fudhatan taasiisa.
D.Dhiibaa midiyaa (sub-qunnamitii) irraa Maddu
Midiyaalee adeemsa dagaagina yaad-rimee gita korniyaa uumamu keessatti gahee mataa isaa karaa lamaan gumaachu. Inni jalqabaa midiyaaleen garaagarummaan gita korniyaa jiru akka babal’atu ykn akka itti fufu ni jajjabeessu. Inni lammaffaan, rakkoolee sababa garaagarummaa wal-gitiinsa gita korniyaa waliin dhufan akka dhaabbatu ykn walqixxummaan gita korniyaa akka mirkanaa’u odeeffannoo tamsaasuun dhiibbaa qajeelaa (positive impacts) maddisiisu. Kanaafuu, ijoolleen midiyaalee adda addaa ilaaluun addunyaa gita korniyaa dhuunfaa isaanii dagaagfatu.
1.2.1. Miidhaawwan loogii Gita Korniyaa (consequences of Gender discrimination)

Wal qoodiinsa (loogii) uumne irratti hundaa’uun sadarkaa adda addaatti qooduun miidhaa qabatamaa fiduu dhiisuu danda’a. Fakkeenyaaf mootummaan gibira yammuu funaanu naamoota akkaataa galii isaaniitiin sadarkeessuun qoodinsa loogii uumuu hinta’u. Garuu sababa bu’aa qabuu fi haqa irratti hunaa’e malee hawaasummaa keessatti wal-qodinsi ni gaggeeffama. Wal-qoodinsa miidha geessisu keessaa kanneen bakka hedduutti beekamu keessa isaa gita korniyaa, halluu qaamaa dhunfaa (color) fi sanyii irratti hundaa’uudhaan haala adda ta’een ilaalamanidha.
Sababa hubannoo dogongoraa kana irraa kan ka’e sirna hawaasaa hedduu keessatti wayitii ammaa kana iyyuu, carraa olaantummaa kan gonfachiisuu fi dubartoonni immoo sababa dubartummaa isaanii irraa kan madde hawaasummaa fi dinagdee keessatti carraan qooda fudhannaa isaanii dhiphateera ykn dhorkamaniiru jechuu danda’ama. Kanaafuu, dubartoonni jireenya isaanii keessatti cunqurfamuu fi rakkoolee dhabiinsa wal-gitiinsa koorniyaa waliin walqabatan irratti kuufaman irraa kan ka’e abdii kutannaa, dhiphinaa fi rakkoo ofii isaan jibbisiisu keessa kan jirani hedduudha.
Kaadhimamaa barsiisaa/tuu! Mee fakkii armaan gadi ilaaluun haala qabatamaa inni agarsiisu xinxali.

Akkaa ‘Siegfied’ fi hiriyyoonni isaanii bara 1998 ibsanitti, adda addummaa gita korniyaa gama aangoo, gahee hojii, carraa hojiitti barbaadanitti ramadamuu, mirga tajaajila fayyaa argachuu, to’annaa da’umsaa fi sooroota gahee argachuu dubartootaa kan balaaf saaxiludha. Kuns dubartoonni qabeenya hortanii qaama dhuunfaa isaanii dabalatee abbummaan akka hinqabannee fi akka hin hogganne akka hin himannee fi yoo himatanillee murtee haqaa akka hin arganne sirni hawaasummaa addunyaa kana irraa hin dhabamne.
Dubartoonni sababa dubartummaa isaanii irraa kan ka’e mirga abbaa qabeenyummaa oomishaa fkn qonnaa, carraa barachuu, tajaajila fayyaa argachuu fi mirgoota namuummaa biroo sarbamaa ilaalcha gad aantummaa baachaa akka jiran hubatamuu qaba. Rakkooleen hedduun sababa gita korniyaa isaaniitiin osoo irraan gahuu utubaa jireenyaa maatii isaanii ta’anii hojii qabeenyaan tilmaamuuf rakkisu raawwachaa jiru.
1.2. Sadarkaa Sirna- hawaasummaa keessatti Qoodiinsa Gahee Hojii Gita Korniyaa

Qoodiinsi gahee hojii gita korniyaa gahee hojii sirni hawaasaa uumee dhiironnii fi dubartoonni gosa hojii itti ramadamamanii fi onnachiftuu isaanii kennamu kan murteessudha. Qoodiinsi gahee hojii aadaan ijaarame kuns dhiirotaa fi dubartoota gidduutti garaagarummaa sadarkaa aangoo, onnachistuu fi carraa hojii isaan eeggatu kan adda qoodeedha. Haaluma kanaan, dhiiroonni hojii dirree kan akka qonnaa, daldalaa, albuuda baasuu fi kkf yammuu ta’u dubartoonni immoo hojii mana keessaa fi naannoo manaa jiran akka hojjetan kan qajeelchudha.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Qoodiinsi hojii kun dubartoonni hojii dirree isaan barbaadan akka hin ramadamne dhorkuu qofaa irratti hindaanga’u. qoodiinsi hojii gita korniyaa kun dubartoonni haadha qabeenyaa madda galii kan akka lafa qonnaa fi omishaa, tajaajila fayyaa argachuu, mirga barachuu fi mirgoota namuummaa biroo akka hin arganne ulaa kan itti cufudha. Haaluma kanaan, qoodiinsi gahee hojii gita korniyaa qofa irratti hundaa’ee aadaatiin ijaarame barmaatilee dubartoota hawaas-dinagdee biyyaa keessatti hanga fedhanii fi danda’an keessatti qooda akka hinfudhanne daangaa uumame argisiisa.
1.2.2. Qoodinsa Gahee Hojii Gita Korniyaa
Sirna hawwasummaa addunyaa kutaa kamiyyuu keessatti yeroo ammaa kana keessatti caaseeffame gahee hojii dhiiraa fi dubartootaa akka raawwatan aadaan kenname qoodiinsa gahee hojii aadaa irratti hundaa’ee fi qoodiinsa gahee dhaabbilee irratti hundaa’e jedhamuun bifa lamaan ilaalama.

A. Qoodinsa Gahee Hojii Aadaan Uumame (Labour Division by Culture)

Hawaasa keessatti tarreeffama gochaalee gita korniyaan raawwataman
Gahee hojii abbaatii raawwatamu Gahee hojii haadha keessaniin raawwatama

Fakkeenya bineensota oomisha irraa eeguu

Qulqullina manaa eeguu

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, deebii kee gabatee irratti guutte xinxaluun gaaffilee armaan gadii deebisi.

Jaallatamtoota barattoota, hojiilee isin tarreesitan akkuma ittiin bultooma hojii maatii keessaniin garagar ta’uu danda’a. Garuusirna hawaasummaa aaadawaa keessatti qoodiinsii hojii korniyaa irratti hundaa’e hammam dubartoota miidhaa fi hacuucu ilaalchisu dhugaa qabatamaa jiru akka hubattani ni amanama. Sirna hawaasummaa aadawaa keessatti dubartoonni yeroo hundaa hojii baayyee hedduu ta’een hojjeechaa waan oolaniif fe’umsi hojii kuns dubartoonni dhiiroota caalaa jireenyaa rakkinaan Dheerinni yeroo dubartoonni baadiyaa hojiitiin dabarsan giddugaleessan sa’atii 18 ol jedhamee yaadama. Garuu yeroo dhiroonni hojiin dabarsani kan dubartootaa gadidha. Mee fakkii armaan gadii kana ilaaluun haala qabatamaa jiru faana wal-bira qabaatii xinxalaa.

Sources: Ethiopia Harmful Traditional Practices (2000)

Sirna hawaasummaa aaadawaa keenya keessatti qoodiinsi gahee hojii gita korniyaa irratti kan hundaa’edha. Qoodiinsi aaadawaa kuns tooftaalee jireenyaa miseensoota maatii ittiin gaggeessanidha. Qoodiinsa hojii gita korniyaa kana keessatti dubartoonni hojii mana keessaa jireenyaa maatii isaaniif murteessaa ta’an irratti ramadamu. Hojii mana keessaatti osoo hindaanga’iin dubartoonni hojii naannoo mana isaanitti argamu kan akka daldala xixiqqaa, kuduraa fi muduraa oomishuu (horticulture), lukkuu horsiisuu fi kkf hojjetanii madda galii maatii isaaniif uumuun irraa eegama. Haala adda ta’een hawaasa hedduu keessatti dhiironni immoo hojii dirree (out-door works) kan akka qonnaa, daldalaa, albuuda baasuu fi kkf akka hojjetan irraa eegama. Kuns dhiironni dubartoota caalaa hojii dirree madda galii gaarii uumu hojjechuuf carraa bal’aa uumaaf.
Qoodiinsi gahee hojii gita korniyaa irratti hundaa’e kun garaagarummaa gita korniyaa gidduu jiru kan agarsiisu qofaa miti. Qoodiinsi kun dabalataan dubartoonni hojii barbaadanii fi danda’anii irratti ramadamanii galii dhuunfaa isaanii carraa fi mirga dhabuu isaanii agarsiisa. Qoodiinsi hojii hawaasuumman gita korniyaa kun hawaas-dinagdee keessatti dhiirotaa fi dubartootaa sadarkaa olaatummaa fi gohoominaa isaan qaban waliin agarsiisa. Kan hubatamuu qabu qoodiinsi hojii gita korniyaa irratti hundaa’e kun adda addummaa naannoo hojii dhiirrii fi dubartiin keessatti hojjetan adda addummaa gita korniyaa isaani gidduu jiru caalaa bal’ata. Kana jechuun hojiiwwan dirree dhiirotaa qoodame hedduu isaa dubartoonni raawwachuu danda’u ture; akkasumas hojii mana keessaa dubartootaaf kenname kan dandeettii dhiirotaa ol ta’u miti.
Williams (1994) akka hubachisetti, qoodiinsi gahee hojii aadawaa caasaa hawaas-aadaa (socio-cultural) sirni hawaasummaa uume gahee hojii dubartootaa bakka gurguddoo sadiitti qoodama: gahee oomishuu, gahee wal-hormaataa fi gahee hirmaannaa hawaasummaati.

  1. Gahee oomishuu (productive roles): dubartoonni hojiiwwaan madda galii ta’an kan akka daldala xixiqqaa, hojiiwwan tajaaila hawaasumma uumuun galii argamsiisaan, kuduraa fi muduraa fi kkf ni hojjetu. Garuu bu’aan hojii dubartootaa ifatti hin hubatamu ykn immoo gatii (value) xiqqootuu itti kennamaaf.
  2. Gahee wal-hormaataa (reproductive roles); – dubartoonni mana keessatti jireenya maatii isaaniif murteessaa kan ta’e kan akka qulqullummaa eeguu, soorata qopheessuu, daa’ima hosiisuu, namoota of hindandeenye kunuunsuu, bishaan waraabuu, qoraan funaanuu fi kkf hojjetu. Sirna aadawaa hedduu keessatti dhimmi jireenya namaatiif murteessaa ta’e kun ittigaafatamuummaa fi gahee dubartotaa qofaaf kennama.
  3. Gahee hawaasumma tajaajiluu (community role) – dubartoonni kenniinsa tajaajila hawaasummaa naannoo isaanii keessatti qooda qabu. Sirna ga’elaa, gadda, walga’ii, sochii misoomaa fi siyaasaa keessatti qooda fudhatu. Gahee hawaasummaa keessatti dhiironni yoo hirmaatan iyyuu, gahee hojii fi ittigaafatamuummaan isaanii kennamu koorniyaa isaanii irratti hundaa’a.
    K/barsiisaa/tuu qoodiinsi gahee hojii gita korniyaa lamaanuu yammuu qaaccessinu dubartoonni hojiiwwaan hundaa keessatti hirmaachuu danda’u. haata’u malee hojii ulfaatan dubartootaan raawwatamee hawaasa isaanii keessatti haalaan hin hubatamu ykn gatiin (value) itti kennamu baayyee xiqqaadha.
    B. Qoodinsa gahee Hojii Caasaa Dhaabbillee Amayyaa keessatti

Yeroo ammaa kana carraan barachuu barattoota dubartootaa dagaagina hawaasummaa fi biroo faana ta’uun ija hawaasummaan gahee dubartoonni dhimmoota hawaasumma irratti qaban suuta suutaan jijjiraa jira. Kanaafuu, dubartoonni baratan carraa hojii tajaaila hawaasummaa keessatti qacaramaa jiru. Haata’u malee, yeroo ammaa kana iyyuu gulantaaleen hojii irratti ramadamaman, mindaa isaan irratti ramadaman irratti garaagarummaa bal’aan gita korniyaa irratti hundaa’e ni mul’ata. Namoota mindaan gad-aanaan argatan, hojii dhabdootaa fi kaffaltii malee hojjetan keessaa harki caalu dubartoota.
Muxannoon akka agarsiisutti gulantaa fi gitni hojii dubartoonni caasaa dhaabbilee ammayyaa keessatti qoodiinsa gahee hojii gita korniyaa irratti hundaa’e amma tokko jijjiirama barbaadame agarsiisaa hinjiru. Caasaalee dhaabbilee ammayyaa keessatti dubartoonni hedduun sababa dubartummaa isaanii irraa kan ka’e gita hojii galii xiqqaa argamsiisan kan akka qulqulleessituu, keessummeessituu, barreessiituu fi kkf irratti ramadamu.
Jijjiiramni qodiinsa gita hojii aadaawaa korniyaa irratti bu’ureeffate gara caaseeffama gita hojii dhaabbilee ammayyaa taasifamaa jiru dubartoonni hojii mana keessaa ala jiru akka hojjetan yoo dandeessise iyyuu, dubartoota irratti ba’aa dabalataa kan dabaleedha. Gita hojii murteessummaa waan dhabaniif dubartoonni dandeettii isaan qaban akka ifatti hin argamne taasiiseera. Kanaafuu. dandeettii omishtummaa fi ittigaafatamuummaa bahuu osoo danda’anii olaantummaa dhiirotaatiin ukkaaamamanii carraa ifatti mul’isuu sarbamaniiru. Haaluma kanaan, dhabiinsi aangoo murteessummaa dubartootaa sadarkaa manaa fi araddaa keessa jiraatan keessatti kan daangeeffame osoo hin taane sirna hawaasummaa sadarkaa maraa irratti bifa isaa jijjiirratee qabatamaan ni argama.
K/barsiisaa/tuu, dubartoonni carraa hojii alaa filatanii hojjechaa jiran gaaffii dinagdee qofaaf osoo hintaane, aangoo murteessummaa mana isaanii keessatti hawaasummaa keessatti dhaban gonfachuufi malee. Garuu, dhugaa qabatamaan mul’atu ba’aa mana keessaa duraan jiru osoo irraa hinqoodamin hojii alaa ofitti dabaluu malee gaaffii fi fedhiin isaanii galama hingeenye. Hojii gita gad-aanaa ala jiru yoo qooddatan iyyuu hojii mana keessaa duran ture isaanuma eeggata. Galii xiqqoo hojii manaa ala argatanis jireenya maatii isaanii kan ittiin guutan malee kan irra darbee isaan fooyyeessu mit. Kuns hojii mana keessaa fi dirree walfaana akka gaggeessan waan dirqisiisuuf ba’aa irratti ba’aa biroo isaan irratti dabalee kan wayitii sirna aadawaa caalaa rakkoof isaan saaxiileera.
1.2.3. Sababoota Qoodinsa Hojii Gita Korniyaa

Sirna
Sirna hawaasummaa hedduu keessatti gitni hojii dhiroonnii fi dubartoonni akka raawwatan irraa egamu haala ofii fedhanii fi dandeettii isaanii irratti hundaa’ee miti. Qabattoonni qoodiinsa gita hojii gita korniyaa murteessan kanneen ijoo ta’anii haala armaan gadiin dhiyaataniiru.
A) Aad-dabarsaa fi Amantaa Sirna Hawaasaa

Barmaatilee, barsiifanni sirni dhaabbilee amantaa, safuu fi maal jedhuun aadaa sirna hawaasa tokkoo gita hojii dubartoonnii fi dhiironni raawwachuu qaban addaan baasee qaba. Ilaalchii fi gochaalee barsiifata, duudhaalee fi safuun aadaa hawaasa tokkoo dhaloota irra gara dhaaloota itti aanuutti ni tarkaanfata. Ijoolleen akkuma dhalataniin yaad-qalbii hawaasni naannoo keessatti guddachaa jiran irraa eeguu suuta suuta daggagfachaa adeemuu.
B. Tuffii Hojii (work stereotype)
Sirna hawaasummaa aadawii hedduu keessatti gosti hojii tokko tokko sababa quubsaa malee bakki ykn ulfinni olaanaa yammuu kennamuuf kanneen biroof immoo ilaalchi gad-aantummaa itti kennameera. Hojii mana keessaa dargaggoota hedduu biratti ni tuffatama.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, naannoo keessa jiraattu keessatti osoo dhiironni hojii mana keessaa hojjetanuu, dubartoonni immoo hojii manaa alaa (kan dhiirotaaf qoodame) osoo hojjetanuu yoo hawaasni naannoo hubate maal akka jedhan ibsi. Akkuma beekamu guyyaa guyyan dargaggoonni hedduun hojii tokko tokko tuffatanii akka irra taran ni mul’ata. Baayyeen keenyaas sababa quubsaa malee hojii tokko tokko irratti ilaalcha qajeelaa ykn jibbinsaa calaqisiisna.
Akkaataa yaad-hiddama dagaagina yaad-sammuutti ijoolleen akkuma yaad-rimee gita korniyaa isaanii dagaagfatan ilaalcha hojii irratti qaban ni hundaa’a. Dhiira ykn dubartii ta’uu isaanii akkuma hubatanitti haala gita korniyaa isaanii irratti hundaa’uu addunyaa isaanii itti fufiinsaan qindeeffatu. Haaluma kanaan hojii gita korniyaa isaanii fiixaan baasuuf itti fufiinsaan shaakalu. Hojii gita korniyaa isaanii gahumsan yoo fiixaan baasuu dadhaban ykn gita hojii korniyaa isaanii osoo hojjetanii yoo argaman hawaasa biratti fudhatama akka dhaban ni hubatu. Hojii tokko tokko sababa quubsaa malee tuffachuun kuns biyya keenya keessatti miira hirkattummaa fi hojiin osoo jiruu hojii dhabdummaa dabalaa jira.

1.2.4. Tooftaalee Qoodinsa Hojii Gita Korniyaa irratti Hundaa’e dhabamsiifamu
Jaallatamaa barsiisaa, barattoota garee lamaa tokko tokkon isaanii dhiira tokko fi dubara tokko tokko kan qabate hundeessi. Garee lamaan sana keessa dhiiraa fi durba tokko taatoota haadhaa manaa fi abbaa manaa maatii adaawaa, isaan hafan immoo akkasuma dhiira tokkoo fi dubara tokko hadha manaa fi abbaa manaa maatii ammayyaa ta’anii akka taphatan qindeessi. Maatiin gosa lamaanuu ijjoollee dhiiraa tokkoo fi dubara tokko akka qabatanitti mijeesiitii tokkoon tokkon garee akkaataa isaan jireenya isaanii gageessanii fi ijoollee isaanii akkamitti akka guddisan (qajeelchan) fakkeessanii bifa diraamaatiin akka taphatan kallatti agarsiisi.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Haalli qoodinsa gita hojii adaawaa korniyaa irratti hundaa’e akkuma taatoonni hiriyoota kessaniin taphatame salphaa hinta’u. Garuu taatoota si agarsiisan irraa ilaalchi hawaasa keenya keessa hidda dheereeffatee qoodiinsa gita hojii korniyaa irratti hundaa’e haala kamiin akka raawwatu hubannoo irra argattanitu jedhamee amanamuu danda’a. ilaalcha seenaa dheeraa qabu kana halkan tokkotti jijjiiruuun hindanda’amu. Jecha birootiin yammuu ibsamu yaad-rimee qoodinsa hojii gita korniyaa irratti aadaatiin ijaarame salphaatti sammuu hawaasaa keessaa haquun ulfaataadha. Halkaan tokkotti gochaalee fi ilaalcha kana diiguuf yaaluun mormii fi fincila hawaasummaa uumuu danda’a.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, akkuma barannoo darbe keessatti hubattani dhimmi korniyaa dhimma dubartii qofa osoo hinta’iin dhimma gita korniyaa lamaanuu (dhiirotaa fi dubartootaa) akka ta’e sirriitti hubatamuu qaba. Sirna hawaasaa olaantummaan dhiirotaa keessatti mirkanaa’e sochii dubartootaa qofaan jijjiramuu hindanda’u. yaad-qalbii dhiirotaa hojii manaa kessatti qabu jijjiramee ittigafatamuummaa dubartoota irraa qooddachuuf yoo eyyamaman malee dubartoonni ammas hojii manaa fi manaa ala jiru wal-faana rawwachuuf waan dirqamaniif ba’aa dachaa baachuuf dirqamu. Osoo dhiironnii fi dubartoonni wal-hubatanii hojii mana keessaa fi mana ala jiru akkataa barbaachisaa isaatti walgargaaranii hojjeechuun faayidaa inni fooyya’insa dhuunfaa, maatii fi biyya isaaniif qabu sirritti hubatanii fi ilaalcha tuffii hojii hawaasa keessa jiru kutannoon cinaatti dhiisuun jijjiirama keessa osoo galanii haalli amma jiru jijjiiramuun wal-gitnsi gita korniyaa mirkanaa’uu danda’a.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, yeroo ammaa kana dhiironni haala jiru hubachuun jijjiirama yaad-qalbii uumuun mana keessatti haadhaa, obbaleettii fi haadha manaa isaanii hojii manaa irraa qooddachuun garagaaraa jiru. Adeemsi jijjiirama ilaalchaa haala kanaan mul’achaa jiru akka ittifufuu fi akka babal’atuuf qaama dhimmi isa ilaaluun deeggarsa argachuu qaba.

1.3. Gita Korniyaa fi Barnoota
Dhimmi gita korniyaa dhimma seektaroota misooma hundaati. Qoodiinsa hojii gita korniyaa irratti hundaa’ee fi hojii tuffachuun akkuma jireenya hawaasummaa keessattii adeemsa barachuu mana barumsaa keessattis ni calaqqisa. Kanaafuu, damee barnootaa keessatti garaagarummaa ilaalchaa korniyaa irratti hundaa’e mul’achuun isaa ifaadha.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, siistama barnootaa keessatti dhimmi gita korniyaa maaliif dhimma ijoo ta’e?


Ilaalchi aad-dabarsaa qoodiinsa gahee ykn gita hojii aaadawaa dhiirummaa fi dubartummaa irratti hundaa’ee sirna hawaasaa keessa jiru adeemsa baruu- barsiisuu fi ramaddii gita hojii damee barnootaa keessatti taasifamaa jiru keessatti garaagarummaan gita korniyaa irratti hundaa’e ni calaqqisa. Karaa biroo jijjiirama ilaalchaa amansiisaa fi itti fufiinsa qabu maddisiisuuf dhaabbilee barnootaa wirtuu jijjiiramni barbaachisu keessaa maddu malee ilaachii midhaa qabu kan keessatti babal’atuu miti. Kanaafuu, dhimmi walgitinsa gita korniyaa mirkaneessuu siistama barnootaa keessatti wal-gitinsa gita korniyaa mirkaneessuu dhimma ijoo ogeessota karooraa fi gaggeessitoota misooma barnootaati.
Yeroo ammaa kana carraa barnootaa lammilee hundaa waliin gahuuf sochii hirmaachisaa ta’e gaggeessuu irraan kan ka’e fooyya’iinsi hirmaannaa barattootaa (students’ enrollment) jajjabeessaan yoo mul’atee iyyuu, carraa hojii argachuu, waallaummaa keessaa bahuu, mana barumsaa galuu fi ittifufuu fi qulqullina barachuu irratti garaagarummaan gita korniyaa irratti hundaa’e ittifufeera. Akka qorannoon hedduun ibsutti, siistama barnootaa keessatti garaagarummaan gita korniyaa irratti hundaa’e akka babal’atu kanneen daandii saaqan addaan bahaniiru. Qabattoonni ijoo ta’an kunis hiyyummaa, barmaatiilee midhaa geessiisan, fageenya manni barumsaa bakka jirreenya isaanii irraa qabu, rakkoolee maatii keessatti uumaman, ilaalchaa fi sodaa maatiin barachuu dubartootaa irratti qabu, dhiibbaa mana barumsaa fi alaa maddu barachuu dubartootaa kallattii fi alkallattii dhiibbaa (gender based voilence) qaamaa fi saayikooloojaawaa) geessisan fi kkf.
Yeroo hedduu sadarkaa mana barumsaatti ilaalchi barachuu barattootaa fi dhiirotaaf kennamu garaagaridha. Dhiironni dubartoota caalaa barumsa isaanii akka fixaan baasan xiyyeeffannaa fi jajjabina barsiisoota isaanii irraa argatu. Dubartoonni dandeettii isaanii cuunfanii barnoota isaanii irratti akka gargaaraman osoo hin taane kakaasni irra caalaa isaanii kennamu yaad-qalbii qoodiinsa gita hojii korniyaa hawaasni isaan irraa eegu akka dagaagfatanidha.
1.3.2. Itoophiyaa keessatti Sababoota uumamuu garaagarummaa korniyaa irratti hundaa’e damee barnootaa keessatti

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, mana barumsaa sadarkaa jalqabaa irratti sababa carraa barnootaa ummata waliin gahuuf taasiifame irraa kan ka’e hirmaannaan barattoota dubartootaa daran dabalaa jira. Haata’u malee, kutaalee ardii keenyaa keessatti ijoolleen dubaraa carraa barachuu waan dhabaniif garaagarummaan gita korniyaa bal’aan ni jira. Qabattoonni barachuu barattoota dubaraa laamsheesan (dadhabsiisan) hedduu yoo ta’aniyyuu; kanneen ijoo ta’an maddi isaanii ilaalchaa fi gochaalee qabatamaa aadaa waliin wal qabatan, rakkoolee dinagdee fi hojmaata mul’ataa fi dhokataa sadarkaa caaseeffama dhaabbilee (institutional level) kan raawwatu waliin wal qabatanidha. Haala gooree ta’een yammu ibsamu qabattoonni ijoo ijoollee dubaraa addunyaa barachuu irraa fageessan akka armaan gaitti tarreeffamaniru.

  1. Maatiin ijoolleen dubaraa isaanii dirqamanii gudeedamu jedhanii sodaachuu
  2. Ijoolleen dubaraa yaad-qalbii gita hojii aadawaa isaaniif qoodame dagaagfachuu irratti xiyyeeffachuun barachuu irratti kutannoo laafaa qabaachuu
  3. Rakkinni maatii keessatti yammuu uumamu maatii gargaaruuf barnoota addaan kutuu
  4. Qabxii gaarii yammu galmeesiisuu dadhabani dafanii abdii kutuu
  5. Fageenyi manni barumsaa mana isaanii irraa gar-malee fagaachuu
  6. Sirni barnootaa barachuu barattootaa dubaraa jajjabeessuu(gender sensitive) dadhabuu
  7. Maalleen baruu-barsiisuu barsiisoonni fayyadamamani haala garagarummaa hirmaannaa garagarummaa korniyaa irratti hundaa’e dhabasiisuu ta’u dhiisuu.
  8. Ilaalcha ijoolleen dubaraa gahumsaa fi dandeettii barachuu irratti qaban onnachiisaa ta’uu dhiisuu
    Fakkiin armaan gadii barachuu ijoollee dubaraa ilaachisee haala qabatamaa jiru argiisa.

Sources: Ethiopia Harmful Traditional Practices (2000)
Walumaagalatti, qabattoonni hedduun wal tumsuun barattoota dhiirotaa waliin walbira qabamee yammuu ilaalamu hirmaannaan barattoota dubaraa baayyee gad-aanaa akka ta’e qabatamaan mana barumsaa keessatti ni argama. Haalli qabatamaan akka ibsutti yammuu sadarkaan barumsaa dabalaa adeemu, bal’inni garaagarummaa gita korniyaa gidduu jirus dabalaa deema. Rakkoole kana maqsuu fi hirmaannaa barachuu barattoota dubaraa foyyeessuuf tarkaanfiileen qindoominaa fi itti fufiinsa qabu barbaachisaadha.
1.3.1. Barbaachisummaa dubartootaa Barsiisuu
Barnoonni jireenya dhuunfaa dubartooata fi gahee misooma biyyaa fi maatii isaan keessatti gumaachan fooyyeessuuf shoora furtuu ta’e qaba. Adeemsi barachuu dubartoonni gahoomanii sochii misoomaa sadarkaa adda adddatti gahee isaan irraa barbaadamu akka bahan waan dandeessiisuuf, dubartii barsiisuun uummata barsiisuudha jedhamee amanama. Jijjiiramni yaad-qalbii barachuu dubartoota waliin dhufu carraa hojii manaa ala jiru akka hojjetanii oomishtummaa isaanii mirkaneeffatan kan dandeessiisu qofa miti. Barachuun dubartootaa mirga dhuunfaa fi gita hawaasummaa keessatti qabaachuu qaban kabachiisuu danda’uun alatti sadarkaa maatiitti hariiroon haadha – abbaa manaa yaad-qalbii ammayyaa ykn miira wal-hubannaa irratti akka hundaa’u daandii saaqa.
Barnoonni dubartoota keessattuu baadiyyaa fi harka qalleeyyii magaalaa keessa jiraniif jijjiirama yaad-qalbii uumuun sochii misooma dinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi kunuunsaa fi eegumsa naannoo keessatti gahoomina isaanii mirkaneessuun gahee isaanii akka bahan dandeessiisuuf tooftaa filatamaadha. Carraa barachuu dubartootaa mirkaneessuun faayidaalee dhuunfaa isaanii argamsiisu akka armaan gaditti tarreefaman maddisiisa.
 Dubartoonni yoo baratan carraa hirmaannaa isaan jireenya hawaasummaa keessattii fi murtee kennuu keessatti qaban ni dabala, filannoo jireenya dubartootaa ni bal’isa.
 Dubartoonni karoora maatii akka itti gargaaraman dandeesiisa (dafanii akka hin heerume jajjabeessa, ijoolle lakkoofsa xiqqaa akka dahan, maatii isaanii kunuunsa beekumsa irratti hundaa’e akka taasiisanii maatii fayyaa qabeessa ta’e gaggeessani isan barsiisa)
 Gahumsi oomishtummaa dinagdee isaanii akka dabalu dandeesiisa. (It yields for women the highest return in economic terms)
 Dubartoonni odeeffannoo wayitaawaa akka argatan isaan dandeesiisa
 Barmaatiilee fi gochaalee isaani mudatu ofirra qolachuuf (ittisuuf) tooftaalee, ogummaa fi kutannoo itti fufiinsa qabu akka gonfatan isaan dandeesiisa.
Dubartootni akka baratani dandeesiisuun faayidaalee hawaasummaaf qabu:
 Reetii da’umsaa to’achuu (xiqqeessuu) It reduced women’s fertility rates.
 Du’a daa’immanii fi dhukkubsachuu ijoollee xiqqeessa. It lowers infant and child mortality.
 Humna misooma dinagdee waan dabaluuf galii ykn misoomni biyyaa akka saffisu gumaachuu.
Hirmaannaa barachuu dubartootaa ol guddisuuf tarkaanffiilee mootummaa Itophiyaatiin fudhataman
I. Sagantaalee deeggarsa addaa dubartootaa fayyadamtoota taasiisu hojiirra oolchuu (The implementation of Affirmative action program )
Sagantaan kun dubartootaa loogii fi hacuuccaa dachaa sababa dubartummaa isaanii qofa irratti hundaa’ee hawaasa keessatti hidda dagaagfate dhabamsiisuuf tooftaa isa tokkodha. Barbaachisummaan sagantaa deggarsa addaa kanaas;-
 Dhaabbilee barnootaa sadarkaa hundaa keessatti hirmannaa barachuu barattoota dubaraa olguddisuuf
 Ijoolleen dubaraa barnoota isaanii osoo addan hinkutiin fixaan akka baasan jajjabeessuuf
 Maatii fi hawaasni ijoollee dubaraa isaanii gara mana barumsaatti erganii akka barsiisan kakaasuuf
II. Ijaarsa manneetii barnootaa babal’isuun carraa barachuu ijoollee dubaraa ol-guddisuu (Increasing Number of Construction of School)
Manneetiin barnootaa baadiyyaa keessatti babal’isuun ijoolleen dubaraa osoo mana isaanii irraa hin fagaatiin barnoota isaanii hordofuuf carraa argatu.
III. Baayyina barsiisoota dubaraa ol-guddisuu (Increasing the Number of female Teachers)
Barsiisota dubaraa hawaasa keessatti akka baayyatan taasiisuun mirga dubartootaa kabajuuf qofa osoo hintaane hawaasni dubartoonni carra barachuu yoo argatani akkuma ijoollee dhiiraa isaanii barnootaa sadarkaa olaanaa gahu akka danda’ani maatii fi hawaasni naannoo akka hubataniif.
IV. Barattoota dubaraaf sagantaa bilchina barnootaa mijeessuu
V. Dhimma barbaachisummaa ijoollee dubaraa barsiisuu irratti hubannoo hawaasa guddisuu
VI. Rakkoolee barachuu barattootaa irratti mudatanii irratti xiyyeeffannoo adda kennuun deggarsa addaa taasiisuu barattoonni dubaraa kutannoon akka baratan haala mijeessuu

1.4. Immaamata, Tarsiimoo fi Kallattii MisoomaGita Korniyaa
Kutaa kana keessatti walqixxummaa fi walgitinsa gita korniyaa mirkaneessuuf sochii dagaagina immamata sadarkaa addunyaa irratti taasifame kan ilaallatu dhiyaateera.
1.4.1. Walqixxummaa Korniyaa fi Walgitinsa Korniyaa

      Dubartoota                                                  Dhiiroota 

Figure that shows the status of both sexes in most traditional societies

Walqixxummaan gama misoomaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasa hirmaannaa namoonni qabani kan ilaalu qofa mit. Walqixxuummaan caaccuulee (elements) namni miseensa hawaasaa tokko ta’ee loogii tokko malee gitni korniyaa, amantii fi sanyiin osoo hin qoodamiin waan jireenya isaaf barbaachisu argachuu danda’udha.
Walqixxummaa gita korniyaa
Walqixxummaan gita korniyaa walqixxina dhiirri dubartiin dandeettii isaanii fayyadamuu fi dagaaagfachuu akkasumas dhorkaa tokko malee akka fedhii fi dandeetti isaanitti waan fedhan filachuu fi hordofuu danda’uuf mirgaa fi carraa walqixxa qabaachuudha. Kana jechuun carraa fi mirga walqixa qabaachuu malee dhiirrii fi dubartiin gidduu garagarummaa uumamaa jiru haaluu miti.
Walgitinsa Gita Korniyaa
Walgitinsa Gita korniyaa jechuun dhiirotaa fi dubartoota sababa gita korniyaa isaaniitiin osoo hin loogiini ilaalcha madalamaa (fair treatment) kennuu. Garagarummaa gita korniyaa isaanii (dubartii ykn dhiira) ta’uu isaanii irratti hin hundaa’iin mirgootaa, carraa, ittigaafatamuummaa fi dirqama walgitu qabaachuun walgitinsi gita korniyaa mirkanaa’uu agarsiisa. Sochiin walgitinsa gita korniyaa mikaneessuu qabsoo dhiirotaa fi dubartoota gidduutti gaggeeffamu osoo hintaanee qabsoo caasaalee hawaasummaa fi ilaalcha sirna hawaasaa walgitinsa gita korniyaa moormu jijjiiruuuti.
1.4.2. Walqixxina Gita Korniyaa Mirkaneessuuf Sochii akka Adunyaatti Taasifame

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, dhimmi walqixxummaa gita korniyaa haala kamiin adeemsa misooma biyyaa keessatti ammatamaa? ¬¬


Yaad-rimeen walqixxummaa (equality) jedhu yaada Aristotle “kanneen wal-fakkaatan haala tokkoon ilaalamu” (likes should be treated alike) jedhu irraa kan maddedha. Gaaffiin walqixxummaa gita korniyaa dubartootaa fi gahee isaani dagaagina hawaasa dinagdee biyya tokko keessatti qaban akka addunyaatti hundeeffama mootummaa gamtoomanii (UN) bara 1945tti. Garuu sana dura bifa bittinna’een gaaffiin kun gaafatamaa kan ture ta’uusaa hubatamuu qaba.
Hanga bara naannoo 1970s gahee dubartoonni misooma hawaasa dinagde biyyaa keessatti qaban karooraa fi immaamata misooma hawaas-dinagdee biyyootaa kessatti hubannoo ykn xiyyeeffannoo keessa hingalle ture. Immaamatnii fi tarsiimoon dagaagina hawaas-dinagdee biyyootaa dhiirotaa akka humna misoomaati (bread winner) dubartoota immoo akka hirkattoota dhiirotaatti kan hubatu ture. Hubannoonii fi ilaalchi bara 1970 dura ture akka waliigalaatti gahee hojii dubartootaa hojiiwwan mana keessaa qofa raawwachuu malee hojii mana ala jiru hojjeechuu akka hindandeenye kan hubatu ture.
Bara 1970 as garuu dubartoonni humna misoomaa hawaas- dinagdee ta’anii keessatti gahee dhiiroota gadi hintaanee akka qaban suuta suuta hubatamaa dhufe. Mootummaan gamtoomees (UN) dhimma kana dhimma addunyaa walii gala ta’usaa hubachuun Charteerii isaa keessa galchuun labsii mirgoota namuummaa (human right declaration) keessatti ammachuun wal-gitnsa gita korniyaa addunya mara irratti karooraa fi immaammata dagaagina hawaas-dinagdee keessatti akka ammatamu dhiibba uumuu eegale. Garuu, akka waliigala addunyaa kanaatti sochiin eegalame kun jijjiirama abdachiisaa yoo fidaa dhufe iyyuu biyyootaa fi hawaasummaa hedduu keessatti sababoota dubartummaa isaanii fi gahee isaani taphachuu danda’ani hubachuu dadhabuudhaan qooda fudhannaa dubartootaa gadi bu’udha. Mootummaan gamtoome garuu baayina ummata addunyaa kanaa harka walakkaa kan ta’anii dubartoonnii humna misoomaa biyya tokko ta’anii shoora isaani irra eegamu akka taphataniif jireenyi isaanii akka fooyya’uuf walqixxuummaa fi walgitinsi gita koorniyaa akka mirkanaa’uun jijjiirama qabatamaa uumuuf biyyoonni tarsiimoo fi immammata misoomaa isaanii keessatti xiyyeeffachuun yaad-qalbiin ilaalcha ture jijjiiruu danda’u akka hojiirra oolchani akeekkachisaa jira.
1.4.3. Kallattii immaammata Korniyaa akka Addunyaa Hubataman (Gender Policy Approaches)
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Sadarkaa addunyaatti haala dhimma dubartootaa immaammata adeemsa misoomaa keessatti akka hammatamuu dandeessisu kallattiin adda addaa wixineeffame jira. kallattiin lamaan UNESCO-WID fi WADn hojiirra akka oolu taasifameera.
I. Kallattii Dubartoota Misooma keessatti (The Women in development (WID) Approach)
Tooftaan kun bara 1970 kaasee kan wixinaa’e ta’ee xiyyeeffannoon isaa haala kamiin dubartoonni addunyaa dhiirotaan ijaaramte kana keessatti qooda akka fudhatanii adeemsa misoomaa biyya tokkoo keessatti haala kamiin gahee isaanii qooddachuu danda’ani irratti mala barbaaduu irrattidha. Adeemsi kun dandeettii oomishtummaa dubartootaa mirkaneessuuf dubartoonni hojii misoomaa mana galii maddisiisu irratti akka bobba’an deggarsa adda taasiisuun ilaalcha jiru jijjiiruuuf sochii taasifameedha. Adeemsi kun dubartoonni hojii mana isaanii irratti ida’atanii hojii manaa alaa akka raawwatanii waan taasiiseef hojiin akka isaanitti baayyatu kan taasiiseedha.
II. Kallatti Misoomaa fi Korniyaa (The “Gender And Development” (GAD))
Kallattiin walgitinsa gita korniyaa mirkaneessuu kun kan dhiyaate konfaransii magaalaa guddoo Chaayinaa kan taatee bara 1995 gaggeeffame konfaransii Beejiingi (Beijing Conference) jedhame irrattidha. Xiyyeeffannan kallatti kanas dhimma gita korniyaa irratti adeemsi hawaas-dinagde olaantummaa dhiirotaan gaggeffama jiru dubartootaa fi dhiirotaaf sababa gita korniyaa isaanii irraa kan ka’e hiikoo inni qabu garagar waan ta’eef hubannoo hawaasa cimsuu fi gahoomina dubartootaa guddisuuf dhiimmi gita korniyaa misooma keessatti akka idilaa’u (mainstream in development) taasiisuu irrattidha. Haaluma kanaan biyyoonni kamiyyuu dhiibban dagaagina misoomaa dhiirotaa fi dubartootaaf haala wal-qixa ta’een akka calaqqisuu walgitnsa gita korniyaa mirkaneessuu karoora gita korniyaa sirri ta’e karoorsuu hojii qabatamaa keessa akka galan kallattii kan agarsiisudha. Kallattiin gita korniyaa fi misooma jedhu dubartoonnii fi dhiironni uumamaan garagar yoo ta’aniyyuu carraa, mirgootaa fi ittigaafatamuummaa walgitu akka qooddachuu qaban kan amanudha. Biyyoonni hedduun dubartoota ilaalchaa gargaartummaa irraa gara imaammata dubartoota gahoomsuutti ce’uun misooma naannoo isaanii keessatti dammaqinaan akka hirmaatani dandeesiisuun jijjiirama qabatamaa argamsiisaniira.

Imaammata Dhimma Dubartootaa
Morse(1989) kallattii dhimmoonni dubartoonni imaammata misooma biyyootaa keessatti ammatamu addan baaseera.

  1. Ilaalcha Gargaartummaa(welfare approach)

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, ilaalchi gargaartummaa misoomaa keessatti gahee dubartoonni qaban haala kamiin ilaalaa?


Ilaalchii gargaartummaa kun akka addunyaatti baroota 1950-1970 kan beekamudha. Isa dura dubartoonni gaaffii mirgaa kaasuu miti akka qabeenya abba manaa ykn qabeenya maatii isaanitti ilaalamu turan. Haaluma kanaan dubartoonni fayyadamtoota misoomaa malee akka humna misoomaatti hin ilaalamani ture.
Akka ilaalcha gargaartummaatti dubartoonni akkuma ijoollee ykn namoota of hindandeenyeetti ilaalamanii deggarsii fi kunuunsa adda akka isaani barbaachisu hubatama. Ilaalchi kun pirinsipilii ‘dubartootaaf gargaarsa addaa kennuun maatii mara gargaaruudha’ kan jedhu irratti hundaa’a. Yaada kana irraa akka hubanutti dubartoonni kallattiin adeemsa misoomaa waliin walitti dhufeenya hinqaban. Gaheen isaanii garee dhiirotaa gargaaruudha. Xiyyeeffannoon ilaalcha kanaa inni guddan dubartoonni hojii mana keessaa haalaan akka raawwatani gargaaruu duwaadha. Ilaalchi kun dubartoonni sochii isaan misooma keessatti kallattiin hirmaachuu danda’ani beekkamtummaa kan kennu osoo hin taane qabani beekkantummaa kan kennuu osoo hintaane gahee isaanii akka deggartoota garee dhiira ta’anitti kan ilaaludha. Ilaalchi kun dubartoonni dhiiraan of-qixxeessanii akka of-hinilaalle kan taasiisudha.

  1. Ilaalcha Wal-qixxummaa (equality approach)
    Ilaalchi kun baroota 1975-85 addunyaa kana irratti kan beekamedha. Ilaalchi kun dubartoonni misooma biyyaa tokko keessatti gahee mataa isaanii qabu kan jedhu kan tarkaanfachiisudha. Kana jechuuni dubartoonni misooma keessatti gargaartoota garee misoomaa (dhiirotaa) osoo hinta’ini ofuma isaanii iyyuu humna misoomaa ta’uu isaanii kan mirkaneessuuf sochii taasifameedha.
    Yaadni wal-qixxummaa jedhu kun dubartoonnis akkuma dhiiraa guddinaa fi misooma biyyaatiif gahee mataa isaanii waan qabaniif hojii mana alaa galii maddisiisan keessatti hirmaachuu akka danda’ani kan dandeesiisudha. Yaadni kun dubartoonni sadarkaa hirkattummaa ykn garartuurraa gara of-dandaa’anii humna misoomaa ta’anii misooma biyya isaanii keessatti akka hirmaatani kan kakaasudha.Haata’u malee yaadni kun hidda gadi waan hinfageeffanneef ilaalcha duraan jarraa hedduu lakkfsiise diigee gutummaa gutuutti hojiirra ooluu hindandeenye. Biyyoota hedduu keessatti Itoophiyaa dabalatee dubartootaa fi dhiiroota sochii hawaasummaa, dinagdee fi siyaasa keessatti qooda wal-qixa akka hirmaatan taasiisuun ulfaataa ture. Keessattu angoo fi abbaa qabeenyummaa bu’aa hojii isaanii irratti gaaffiin mirgaa fi walqixxummaa salphaatti furmaata argachuu hindandeenye.
  2. Ilaalcha Farra hiyyummaa (Anti poverty approach)
    Ilaalchi kun baroota 1970 kessa addunyaa kana irratti kan beekame ture. Akka ilaalcha kanaatti sababni adda addummaa dhiirotaa fi dubartoota gidduutti kallattii adda addaan mul’atuf hiyyummaadha. Kana irraa kan ka’e sochii hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa baayinaan harka dhiiroota jala galee jedhanii amanu.
    Akkuma beekamu dubartoonni baayina uummata addunyaa kana keessa gar tokko waan ta’aniif garee kana akka isaani qabeenya irratti haadhummaan qabatanii fi hojiiwwan madda galii uumu irratti akka hirmaatan gochuun hiyyummaa hir’isuu keessatti shoora ol’aanaa qabaachuun isaanii wal nama hinfalmisiisu. Akka ilaalcha kanaatti dubartoonni humna misoomaa ta’anii milkaa’ina sagantaalee misooma biyya isaanii keessatti gahee dhiiroota gitu akka qaban kan amanudha. Dubartoota misooma keessatti hirmaachisuun dubartootaaf qofa osoo hintaanee dhiirootas fayyadamtoota taasisa.

Akka ilaalcha hiyyummaa hir’isuutti rakkooleen dubartoota mudachaa jiran sadarkaa hawaasummaa gajjallaa (low social status) irra jiraachuu qofa miti. Hiyyummaan maatii keessatti yoo muudate irra caalaa kan itti dhaga’amu dubartootatti. Qabeenyaa fi lecalloo haadhummaan hogganuuf carraa fi mirga dhabuun hirmaannaa isaan qaban laaffisuu danda’a. Kanaafuu, dubartoota ogummaawwan adda addatiin leenjiisuun galii mataa isaanii akka maddisiisan dandeesiisuun olaantumma bara dheeraaf dhiirotaan qabamee ture suuta suutaan jijjiiruuun danda’ama yaada jedhu kan tarkaafachiisu ture.

  1. Ilaalcha Gahumsaa(the efficiency approach)
    Ilaalchi kun baroota 1980 keessatti sadarkaa addunyaatti imaammata biyyootaa keessatti bakka olaanaan kennamee ture. Akka ilaalcha kanaatti humna namaa biyyi tokko qabdu keessaa 50% kan ta’u (dubartoota) faayidaa biyyaaf gumaachuu qabu haala hojii misoomaa keessa hingalle. Akka ilaalcha kanatti, dubartoonni kallattii fi kallattiin ala yeroo mara misooma keessatti ni hirmaatu; garuu hojii issani dalagani gatii xiqqaan akka kennamu ni amanu. Kanaafuu, gahumsa oomishtummaa dubartootaa guddisuu fi carraa hojjeechuu isaanii babal’isuun hirmaannaa misooma keessatti qaban cimsuudhaan bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessuu danda’ama kan jedhu tarkaanfachiisa.
    Ilaalchi kun gaarii fakkatuyyuu hojii manaa bayyee wal-xaxaa dubartoonni hojjetan ilaalcha keessa kan galchu miti. Hojiin mana keessaa dhiironni dubartootaa irraa hin qooddatiini dubartoonni hojii mana keessa fi alaa wal faana hojjechuuf waan saxilamaniif dhiibba ni qaba.
  2. Ilaalcha dubartoota Gahoomsuu(the Empowerment approach)
    Dubartoota gahoomsuun (aangeessuun) ilaalcha siyaasaa fi imaammata gita korniyaa haaraadha. Sochii ilaalcha kanaa bara 1970 keessa gartuu ‘feminist’ jedhamaniin mirgoota dubartootaa kabachiisuu irratti taasifamaa ture waliin walqabata. Mootummaan gamtoome konferensii dubartoota marsaa 3ffaa magaalaa Nayiroobii bara 1985 gaggeeffame kallattii raawwii qabsiiseera. Walga’ii magaalaa Naayiroobitti gaggeeffame irratti yaad-rimeemeen irratti falmiin ciminaan irratti ggaggeeffame waa’ee sadarkaa hawaasummaa (social status) fi gahee dubartoonni misooma keessatti qaban irratti ture.
    Akkaataa ilaalcha kanaatti caaseeffama hawaasummaa olaantummaa dhiirotaan ijaarame keessatti rakkooleen dhokaataa ta’an dubartoonni hoggansaa fi bulchiinsa sadarkaa hawaasuummaa olaanaa ta’e (top position) akka hin qoddanne kan taasiisani ni jiru. Rakkooleen walxaxaa ta’anii carraa fi mirga murtee kennuu dhiiroota waliin qooddachuu kan dandeessiisu ilaalcha dubartoota gahoomsuuti yaada jedhu tarkaafachiisuudha.
    Ilaalchi kun gaaffii aangoo walii hiruu fi dubartoonni miidhaa aadaa jalaa bilisa of taasiisuu ykn immoo ilaalcha gad-aantummaa ofiif qaban jijjiiruu dandaa’uu qabu. Hubannoo fi dandeettii barbaachiisu akka horataniif dhaabbilee adda addaa deeggarsa of isaan dandeessiisu taasiisuufii qabu. Akka ilaalcha kanaatti, dubartoota aangessuu keessatti ga’ee olaanaa taphachuu kan qabu dubartootuma ofii issaniiti.
    Yaad-rimeen korniyaa gahoomsuu tooftaa gahee dubartoonni dirree misoomaa keessatti qaban guddisuun dudhaalee isaan addunyaa hojiif qaban fooyyeessuudha. Gahoomuun dubartootaa hiika qabeessa ta’e kan inni dhugoomuu danda’u dubartootaanidha. Gahoomuun dubartoonni carra mataa isaanii ofiif murteeffatanii jireenya isaanii irratti jijjiirama hiika qabeessa ta’e akka fixaan baafatan isaan dandeessisa. Kanaafuu aangeeffamuun dhimma walqixxummaa fi dhimma mirga namuumaati. Ilaalchi kun yoo sirrii ta’e iyyuu, dhimmicha amantii fi aadaa cabsa jechuudhaan mormiin bifa garagaraan dhiyaachaa tureera. Dhugaan jiruu fi muxannoon garaagaraa akka mul’isutti dubartoonni osoo angoon kennamee hoggansa haqaa fi bulchinsa gaarii mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qabu. Kanaafuu, dubartoota gahoomsuun fi yaad-qalbii bakka sanaaf barbaachisu akka gonfatani taasiisanii aangeessuun dagaaina biyya isaanii kan saffisiisanii fi walqixxummaa gita korniyaa kan mirkaneessu malee miidhaa inni fidu hinjiru.
    1.4.4. Imaammata Korniyaa Itophiyaa
    Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu !
    waa’ee imaammata gita korniyaa amma beektu barreessi

Biyyi keenya Itoophiyaan yeroo dheeraadhaaf olaatummaan dhiirotaa kan keessatti dagaagee turee fi rakkoolee dhabiinsa walqixxummaa waliin wal qabatan armaan olitti barattan biyya keenya Itoophiyaa keessattis kan haalan mul’atudha.
Hanga yeroo dhiyootti mootummoonni Itoophiyaa darban keessaa imaammanni dhimma gita korniyaa hinture. Kana irraa kan ka’ee yeroo dheeraadhaaf dubartoonni akka humna kuufamaa sagantaa misooma mootummaan qopheessu fiixaan baasuu keessatti gahee isaan qaban hubannoo keessa hingalle ture. Yeroo dhihoo asitti garuu mootummaa waliigaltee mootummoota gamtoomanii walqixxummaa gita korniyaa mirkaneessuu fi sadarkaa jireenya dubartootaa fooyyeessuu irratti xiyyeeffatu baasee ofitti madaqsuun imaammata dhimma dubartootaa qopheessuun hojii qabatamaa keessa galameera.
Imaammanni dubartoota biyyooleessaa bara 1993 qophaa’e biyya keenya keessatti yeroo jalqabaatiif kallattiin dhimmoota dubartootaa irratti kan xiyyeeffatudha. Kaayyoon imaammata kanaa naannoo hojii keessatti dubartootaaf haala mijataa uumuun oomishtummaa (galii) isaanii akka fooyya’uu dandeessisuun fayyummaa fi haala soorata haadholii fi daa’imman isaanii fooyyeessuu, carraa fi sadarkaa barachuu isaanii fooyya’u carraa fi mirga akka gonfatan dandeessiisuudha.
Imaammanni kun walqixxummaa gita korniyaa (dhiirotaa fi dubartootaa) saffisiisuun dubartoonni hojmaata siyaasaa, dinagdee fi hawaasumma biyya keenyaa keessatti haala dhiroota waliin walqixxina qabuun akka hirmaatan kan haala mijaata uumudha. Itti dabalees, dubartoonni mirga haadha qabeenyaa ta’uu, bu’aa hojii isaanii ofiin akka to’atanii fi mirgootni namuummaa akka kabajamu haala mijeessuu fi dubartoonni murtee kennuu keessatti osoo dubartumman isaanii isaan hindangeessin ittigaafatamuummaa akka qooddatan kan haala mijeessudha. Kaayyoo imaammata kanaa fixaan baasuuf tarsiimoonnii fi sagantaaleen hedduun diriiree sochiin qabatamaan taasifamee jijjiiramni amansiisaa ta’e argamaa jira.
Imaammanni pirinsiipiloota “dubartoota misooma keessatti” (women in development) irratti kan hundaa’eedha. Kaayyoon isaa inni tokko dubartoota hawaasummaa fi dinagdeen deeggaruun misoomaa fi dhaabbilee dhuunfaa saffisaan babal’achaa jiru keesatti hirmaachuun akka of foyyeessanii biyyaa fi maatii isaanii omishaawaa godhan dandeessiisuudha. Dubartoota mirgaa fi carraa misoomaa keessatti hirmaachuu babal’isuun duula hiyyummaa xiqqeessuu gaggeeffamaa jiru keessatti gahee olaanaa qaba. Kaayyoo imaammatichaa fiixaan baasuuf dubartoonni waldaan ijaaramanii bifa gurmaa’een gaaffii wal-qixxummaa, fedhii isaanii fi mirgoota sivilii, dinagdee, hawaasummaa kabachifachuu keessatti sochii hiika qabeessa ta’e akka taasiisani haalli mijateera.
Waligaltee akka addunyaatti tumame hojiirra oolchuuf biyyi keenya Itophiyaan imaammata, tarsiimoo fi seroota hedduu diriirsiteetti. Isaan keessaa Imaammata Ummata biyyooleessaa (National Population Policy), Imaammata barnootaa (Education Policy) fi Imaammata aadaa (Cultural Policy) kan akka fakkenya gaariitti ilaalamanidha.

I. Imaammata uummata biyyooleessa:
Imaammanni kun kan bahe bara 1993ti. Kaayyoon imaammata kanaas waa’ee fayyummaa fi sadarkaa hawaasummaa dubartootaa, du’a haadhoolii xiqqeessuu, hirmaannaa barachuu dubartootaa sadarkaa dhabbilee barnootaa hundaatti ol-guddisuu fi karoora maatii fayyadamuu fi kkf irratti kan xiyyeffatudha.
II. Imaammata barnootaa (Education and Training Policy):
Kayyoo imaammata kanaa keessatti dhimmi dubartoota ilaallatu ifaan ta’eera. Kayyoon isaas barbaachisumma barachuu dubartootaa gahee misooma biyyaa keessatti qaban irratti hubannaa gahaa uumuun ilaalcha hawaasaa jijjiiruuun galma tokkodha. Imaammatichi dhimmoota wal-qixxummaa gita korniyaa mirkaneessuuf dhaabbilee barnootaa keessatti hirmaannan barattota dubaraa akka guddatu taasisuu, sirna barnootaa gita korniyaa irratti xiyyeeffate qopheessuu, reetii harcaatii fi keessa deebbii barattoota dubaraa xiqqeessuu irratti ni xiyyeeffata (FDRE, 1994). Karaa biroos hirmaannaa barattoota dubaraa olguddisuu fi kanneen mana barumsaa galanis ittifufiinsaa fi gahuumsaan akka baratan tarkaanfiilee hedduun fudhatamanii jiru. Fakkeenyaaf manneetii barnootaa haraa babal’isuu, mana barumsaa keessatti mana fincaanii dubartootaa adda baasanii ijaaruu, barsiisoota dubaraa hedduminaan qacaruu fi kkf hojii qabatamaan raawwatamaa jiruufi jijjiiramni saffisaa qabu argamaa jira.

III. Imaammata Aadaa Biyyooleessaa (The National Cultural Policy):
Imaammatni aadaa kan bahe bara 1997ti. Imaammatni kun barmaatilee midhaa qabaatanii gahee dubartoonni sirna hawaasaa biyya keenya keessatti qaban kan hacuucan ykn gad-qaban dhabamsiisuu irratti kan xiyyeeffatudha. Kaayyoon imaammata aadaa inni ijoon gochaalee fi ilaalcha barmaatilee miidhaa qaban kan akka osoo umuriin hin gahin heerumuu, dhaqna qabaa dubartootaa, dhirqiin gudeeduu fi kkf dhabamsiisuun wal-qixxummaan hirmaannaa fi itti faddadamuummaa dubartoonni sirna aadaa keessatti qabaatan mirkaneessuudha.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Itti dabalees imaammatni aadaa walqixxummaa gita korniyaa heera mootummaa keenyaa keyyata 25 irra jiru irratti kan hundeeffamedha. Keeyyatni 25 heera motummaa Itophiyaa irra jiru namni kamiyyuu seera biratti garagarummaa gita korniyaa malee walqixa ilaalama kan jedhudha. Keeyyatni 35 immoo wal-qixxuummaa carraa hojii irratti dorgomuu ykn qacaramuu, abbaa/haadha qabeenyaa ta’u, murtee kennuu keessatti hirmaachuu, mirgoota dubartootaa maatii hogganuu (karoorsuu kkf wal-qixxummaan gita korniyaa akka kabajamuu kan ajajudha. Haaluma walfakkaatuun keeyyatni 42 immoo dubartoonni bakka dandeettii hojiichi gaafatu qabannaa dhiiroota waliin bifa wal-qixa ta’en dorgomanii ramadamuu fi mindaa wal-gitu argachuu akka danda’anii ni ajaja.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Biyyi keenya walqixxummaa gita korniyaa mirkaneessuuf waliigaltee akka addunyaatti jiru ofitti fudhachuu cinaatti haala qabatamaa biyya keenyaa irratti hundaa’uun tarsiimoo, seeroota fi sagantaa adda addaa hojii irra oolchuun jijjiirama saffisaa fiduuf yoo taasiste iyyuu, hojiirra oolmaa isaa irratti hanqinnii fi qaawwi ni mul’ata. kana irraa kan ka’e ammayyuu dubartoota gahoomsuun sadarkaa wal-qixxuummaan gita korniyaa gutummaa guututti haala amansiisaa ta’een hanga mirkanaa’utti sochiin eegale haala qindoomina qabaan itti fufuu qaba.

gochaalee

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu

  1. Kaayyoon dubartoota gahoomsuu maalii?

  1. Kayyoon imaammata dubartoota biyyooleessa Itoophiyaa irratti ibsa kenna.

Kitaabilee wabii

Anker,R (1998) Gender and jobs :sex segregation of occupation in the world.
Geneva: international Office.
Brett, A. (I991) why gender issue is a development issue: Writing on gender
and Development. Oxfam p,1-6
Longwe, S.S (1991) Gender awareness: The missing Element in the world
development program: writing on gender and development. Oxifam.P, 149-156
Moser, C.O.N. (1989) Gender Planning and Development theory, practice
Training .London and New York: Tout ledge
Santrock,J.W (2002) A Topical Approach to Life Span Development. New York
McGraw-Hill Company.
Siegfried and et al (1998) Ethiopia Option for Rural development: Gender
Relation in Mobilizing human Resources: London. Zed book LTD
Sprinthal, N. and et al (1994) Educational Psychology: A development
Approach. Tokyo: McGraw Hill.Inc.
Walter, S (1996) Gender in Popular education. Landon: Zed book. LTD
Williams, S. and et al (1994) Oxfam Gender training Manual U.K. and
Ireland: Oxfam Publishing.
Wilford,R. and et al(1998) woman ,ethnicity & nationalism: London. Zed book.
LTD
Odeeffannoo dabalataa:
Ethiopia Harmful Traditional Practices: National Committee on Traditional Practices of Ethiopian, 2003, Addis Ababa.
Finding Gender Issues in Ethiopia: Implementing the National Policy on Women World Bank, Africa Region Number 119, September 1999

Boqonnaa Lama
HIV/ AIDS fi Barnoota
Seensa
Akkuma beekamu dhimmi ijoo fayyaa addunyaa kanaa keessattuu ardii Afrikaa inni tokko dhimma dhibee HIV/AIDS faana wal qabatudha. Vaayireesiin HIV dhukkuba AIDS uumuun namoota hedduu lafa irraa fixaa kan jiru kanneen biroo immoo rakkina hedduuf saaxilaa jira. Kutaalee addunyaa hedduu keessatti umurii lubbuun jiraachuu namoota hedduu gabaabsaa jira. Rakkoolee HIV/AIDS faana wal qabatanii ittisuuf tarsiimoon amansiisaa barnootaan jijjiirama yaad-qalbii lammiilee keessatti uumuun sochii dhibee kana ittisuu irratti xiyyeeffate keessatti hawaasni akka dammaqaniif dhimma HIV/AIDS sirna barnootaa keessatti ammatameera. Kanaafuu baqonnaan kun dhimmota dhibee HIV/AIDS faana wal-qabatan irratti hubannoo gadi fageenyaa qabaattanii gahee barsiisoota irraa eegamu bahuu akka dandeessaniif qindaa’ee dhiyaateera.
Kaayyolee barachuu boqonnaa kanaa
Xumuraa boqonnaa kanaa k/barsiisotaa:
• Maalummaa fi haala uumama HIV/AIDS ibsu
• Rakkoolee HIV/AIDS waliin wal-qabatani haala kamiin ittisuu akka danda’amu ibsu
• Faayidaa barumsi rakkoolee HIV/AIDS ittisuu keessatti qabu addan baasu
• Tarsiimoo daddarbuun HIV/AIDS siistama manneen barnootaa (school system) fi hawaasa keessatti ittin ittifamu ibsu.

2.1. Yaad-rimee Bu’uuraa HIV/AIDS
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, osoo maalummaa HIV/AIDS kutaa kana jalatti ibsame hin dubbisin dura beekumsa ykn muuxannoo qabdu irraa ka’uun gaaffiilee armaan gadii dhunfaan erga yaaltee booda gareen mari’adhaa.

Garaagarumman HIV fi AIDS gidduu jiru maaliidha?

Gaaffii armaan olii erga deebiisuuf yaaltee booda miirri ittigaafatamuummaan sitti dhaga’amuu danda’a. Gahee kee gahumsaan raawwachuuf ofii keetiif dhimma HIV/AIDS qabamuu waliin walqabatan barsiisoota, barattootaa fi hawaasa naannoo hubachiisuuf dhimma kana irratti barumsi gad-fageenyaa isin barbaachisa.
1. HIV fi AIDS
AIDS’n gabaajee Afaan Ingliziin Acquired Immuno Deficiency Syndrome jedhamu ibsudha. ‘Immuno-deficiency’ jechuunis dandeettii qaamni keenya ofumaa dhukkuba irraa of ittisuu dadhabuu ilaala. ‘Immunity’ kun dandeettii uumamaa qaamni keenya weerara baakteeriyaa, vaayiraasii fi maayikiroo orgaanizimoota biroof akka hinsaaxilamneef ittisuun fayyummaa namaa eega. Namoonni HIVn qabaman HIVn dandeettii umamaa kana waan hubuuf dhibee weerara mikiroo-organiziimootaan dhufaniif salphaatti saaxilamu. Namni erga HIVn qabamee booda suuta suutaan vaayiraasiin kun dandeettii ofiin fayyisuu qaama namaa (anti-bodies) hubuun gara dhukkuba AIDStti akka jijjiiramu taasiisa. HIVn qaama namaa keessa yoo seene suuta suuta wal-horee sirna qaama namaa isa ‘T- lymphocytes’ jedhamu hubuun dhukkuboota adda addaatiif nama saaxila.
Hanga ammaatti qorichii(dawaa) ykn talaalliin HIV irraa nama baraaru hinargamne. Walumaa galatti, HIVn dandeettii dhukkubaa ykn sababoota dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa dadhabsiisuunii fi seelii dhukkuboota ittisan balleessuun salphaatti dhukkuubaaf akka namni saaxilamu taasiisu. Haata’u malee, HIVn ofiisaa ‘lymphocyte’ qaamaa ala jiraachuu hindanda’u.

  1. Dhukkubsattoota AIDS fi Namoota HIV waliin jiraatan
    Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, garaagarummaa dhukkubsaattoota ADIS fi namoota HIV dhiiga isanii keessaatti argaamu gidduu jiru maal?
    Namoonni heeddun wa’ee AIDs yammuu kasaan namoota ‘HIV positive’ ta’aanii fi dhukkubsattoota AIDS gidduu garagarummaa jiru hubaachuu hin dandeenye.
    Namoota ‘HIV Positive’ ta’an: Namootni osoo mallattoon dhukkuba HIV/AIDS irratti hin mul’atin HIV waliin jiraatanidha.
    Dhukkubsattoota AIDS: Namoota HIV’n qaama isaanii keessaatti argamu ta’ee sabaaba HIV irraa kan ka’e dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qamaa dadhaabee sadarkaa dhukkubaaf saxilamu irra yoo ga’anidha. Namni HIV’n qabame dhukkubsataa AIDS ta’ee yeroo gabaabaa keessaatti waggaa tokkoo fi walakkaa hanga waggaa lama gidduutti du’aaf saxilama.
    Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, ibsa armaan olitti keenname irraa akka hubatamuutti HIV qaama namaa akkuuma seeneen, nama sana HIV waliin kan jiraatu ykn HIV pozatiivii jedhamee waamama. Sadarkaa jalqaabatti namni HIV pozatiivii ta’e amaloota armaan gadii agarsiisuu danda’u.
  2. Vaayirasiin qaama keessa seenee wal-horuuf yeroo waan barbaaduuf rakkoo fayyaa osoo irraan hin gahiin hanga tokko fayyaa ta’e turuu ni danda’a
  3. Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaama (immunity) sadarkaa hubaamuu irra waan hin geenyeef mallattoo dhukkubaa argisiisuu dhiisuu danda’a.
  4. HIV qaama namaa galee ji’a lamaa hanga afuriitti namootni kun mallattoo dhukkubaa salphaatti kan akka utaalloo, ho’ina qaamaa, dadhabbiina maashaa (muscular pain) k.k.f irratti mul’achuu eegalu.
    Akkuuma namoota HIV neegativii ta’anii ni hojjetu, jiraatu, akkasuumas, fayyaa fakkaatu. Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu namoota HIV’n qabamanii yommuu hubaamu dhukkuboonni salphaatti fayyuummaa namoota HIV pooziitivii ta’aani hubuu danda’a. Maayikiroo orgaaniizimootni dandeettii ofirraa ittisuu umaamaa qaamaa sabaaba HIV hubaame weeraruun dhukkuba adda addaa kanneen akka garaa kaasaa, dhukkuba sombaa, dhiibbaa sammuu (dementia) fi kkf uumuu danda’u.
    Yommuu mallattooleen dhukkuba armaan olitti ibsame namoota HIV poozitiivii ta’an irratti mul’ate dhukkubsattoota AIDS ta’uun dhukkuboota kanneen akka garaa kaasaa, dhukkuba sombaa, fi kaansaariif saaxilamuun hubamanii du’u.
    Qoraannoon taasifame akka hubachiisutti, namni tokko HIV’n erga qabamee booda osoo sadarkaa AIDS irra hin ga’in hanga waggaa kudhanii ol turuu danda’a. Wayitii namni tokko HIV’n qaama isaa seenee hanga mallattoon dhukkuba AIDS irratti mal’atutti jiru wayitii inkubeeshinii (incubation period) jedhama. Garuu, kan hubatamuu qabu dheerinni wayitii inkubeeshinii namaa fi nama gidduutti gargaara ta’uu danda’a. Namoonni tokko tokko akkuuma dhiiga isanii qorachiisanii HIV poozatiiviii ta’uu of baraniin waggaa tokkoo hanga waggaa lamaatti mallattoo dhukkubaa AIDS argisiisu. Qabattootni dheerina wayitii inkubeeshinii murteessan keessaa kan akka tajaajila gorsa argachuu, soorata gahaa nyaachuu, of eeggaannoo gochuu, fayyuummaa ofii eeguu fi tasgabbaa’anii jirachuun sadarkaa dhukkuba AIDSn hubamuu yeroof tursiisuu danda’u. Beektootni meedikaalaa sadarkaalee dagaagina AIDS bakka saditti qodaniiru.
  5. Waayitii windoo (window period )
    Akkuma HIV’n qaama namaa keessaa galeen yoo qoratame argamuu dhiisuu danda’a. HIV’n qaama keessa seenee ji’oota lama hanga ji’oota sadiitti qorannoon hin argamu. HIV qaama keessa seenee hanga qaamonni alagaa HIV (HIV anti bodies) qoraannoon argaamuu danda’uutti yeroon jiru wayitii windoo /window period) jedhama.
    Namni tokko HIVn qaama isaa keessa hanga qorannootiin mula’achuu danda’utti /hanga HIV anti bodies yaaliin hubatamuutti HIV dhangala’oo qaama kan akka dhiigaa, sanyii hormaata dhiraa (sperm), dhaangala’oo qaama wal-hormaata dubaraa keessatti heddumminaan argama. Namni sadarkaa windoo irra jiru HIV dadabarsuu danda’a.
    Namni of shakke tokko gocha HIVf saaxilu erga raawwate ji’oota lamaa hanga ji’oota saditti irra deddebi’ee dhiiga isaa qoraachisuun qaamota alagaa HIV (HIV anti bodies) irraa bilisa ta’uu isaa mirkanneeffachuu qaba.
    B. wayitii inkubeeshinii /incubation period)
    Wayitiin kun yeroo HIV qaama seene argaamee hanga AIDSn haala kiliinikaan of mul’isu (clinical manifestation of aids) gidduu jiru wayitii inkubashinii jedhama. Dheerinni inkubashiini namaa fi nama gidduu garaagarummaan ni mul’ata. Inni gabaaban ji’oota 6 hanga ji’oota 12, inni dheeraan hanga waggaa 10 turuu yammuu danda’u giddu galleessaan dheerina wayiiti inkubeeshini waggoota 8-10 ta’a. Wayitii kana keessatti namani HIV waliin jiraatu mallattoo dhukkuubaa hin argiisiisu. Yoo of qorachise malee HIV’n qaama isaa keessa jiraachuu isaa hin bekamu.
    Namoonni sadarkaa inkubashinii irra jiran HIV karaa saalqunnamtii fi dhiiga isaani nama birootti dabarsuu danda’u. Namni HIV’n dhiiga isaa keessatti argame hanga mallattoon dhukkubaa mul’atutti eeguu irra itti fufiinsaan tajaajila fayyaa mana yaaalaa irraa argaachuun dirqama ta’a.

C. Wayitti infektiivii (infective period)
Sadarkaan kun waayitii namoonni ‘HIV positive’ ykn dhukkubsattoota AIDS, HIV gara nama birootti dabarsaniidha. Karaa biraa erga namni tokko HIVn qaama isaa seenee hanga du’utti jiru wayitii inifektivii (infective) jedhama.
Mul’istoo Kilinikawaa AIDS
Yommuu dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu nama HIV qaama isaa keessaatti argame hubamu, dhukkuboota adda addatti saxiilamuun sadarkaa dhukkubsaataa AIDS irra gahuu daanda’u. Namni HIV qabame du’a jalaa bahuu hin danda’u. AIDSn ofii isaa mallattoo dhukkubaa hin qabu. Mallattoon dhukkubsaattootni AIDS argisiisan garagara ta’uu danda’a. DhukkubsattootniAIDS mallattoolee kilinikawaa armaan gadiitu irratti mul’ata:
• Ho’iinsa qaama yeroo dheeraa irra turu
• Ulfina qaamaa yeroo gabaaba keessatti killoo 10 ol hiri’isuu
• Dadhabbii, halkan dafquu, huqqachuu / leanness), garaa kaasaa, utaalloo cimaa, mataa dhukkubbii, fajajuu, (inactive response), sammuu to’aachuu dadhabuu fi kkf
• Hooqxoo (cittoo), madaan gogaa irratti bahuu, madaan fayyuu dadhabuu
Waluumaagalatti, yaaliin AIDSiif tasiifamu umurii dhukkubsattootaa hanga tokko tursiisuuf malee dhukkuba AIDS irraa fayyuun hin danda’amu. Namni dhukkubsataa AIDS ta’e tokko umuriin isaa hanga tokko dhereffachuuf tajaajila fayyaa, haala jireenyaa foyyeessuu fi tasgabba’ee HIV waliin jiraachuuutu irraa eegama.

Namni tokko HIV’n qabamuu isaa haala kamiin beekamaa?
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, dhukkubsattoonni HIV/AIDSii maal akka fakkaatan xiinxaluun gaffilee armaan gadii of gaafadhu.
• Dhira moo dubara?
• Dargaggoota moo ga’eessota ta’a?
• Qaamni isaanii furdaa moo qal’aadha?
• Soorressa moo harka qalleessadha?
• Maal hojjetanii jiraatu?
• Gogaan isaanii maal fakkata? (Gurracha moo diimaa)? Deebii kee deebii hiriyyaa si cinaa taa’u waliin wal bira qabii xiinxali.
Nama HIVn dhiiga isaa keessa jiru bifaan addaan baasuuf hin danda’amu. Sababni isaa HIV yeroo dheeraaf mallattoo tokko malee qaama keessa dhokatee turuu waan danda’uf. Nama HIVn faalame addaan baasuuf qaamonni alagaa HIV (HIV anti bodies) dhiiga isaa keessa jiraachuu fi dhiisuu isaa qorannoo dhiigaa taasiisuun irraa eegama. qaamonni alagaa wantoota dhiiga keenya keessatti argaman ta’anii kanneen weerara bakteeriyaa fi vaayiraasii qaama keenya irraa dhorkanidha. Qaamonni alagaa HIV uumama qaama keenyaa hubuun dhukkubaaf akka saaxilamnu daandii saaqu. Namni dhiigaa isaa qorachiisee qaamonni alagaa HIV keessaa dhiibe ‘HIV negative’ ykn HIV qaama keessa jiraatee sadarkaa windoo irra jiru ta’uu danda’a.
2.2. Karaalee HIV/AIDS’n ittiin Dadarbu
Sensa
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, hanga ammaatti yaad-rimee HIV/AIDS waliin wal qabate irratti hubannoo akka argattan ni amanama. Kutaa itti aanee dhiyaatu keessatti karaalee dadarbuu fi babal’achuu AIDS, miidhaa AIDSiin nama irra geessisaa jiruu fi tooftaalee ittisa daddarbuu fi babal’ina HIV/AIDS ittiin to’atamuu danda’u barattu.
Kaayyoo mata duree barannoo
Xumura barannoo kanatti, k/barsiisotaa:
• Tooftaalee HIV/AIDS namarraa namatti daddarbu ibsu;
• Tooftaalee ittisa HIV/AIDS addaan baafatu;
• HIV/AIDS ittisuu keessatti gahee barsiisaa tokko irraa eegamu ibsu.
• Miidhaa HIV/AIDSiin dhala namaa irran gahaa jiru ibsu.
A. Karaalee HIVn Daddarbu
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, karaalee HIVn nama HIVn qabame irraa gara nama fayyaatti darbu ibsi.
HIVn irra caalaa dhiiga, dhangala’oo sanyii dhiiraa (semen), dhangala’oo qaama hormaata dubartootaa fi aannan harma nama HIV waliin jiraatu keessatti argama. Yaad-qalbiin (gochii) kamiyyuu dhangala’oo HIVn keessatti argamu qaama nama HIVn hin qabne waliin yoo wal-xuqisiise HIVn gara nama biraatti akka darbu taasiisa. Uumamaan gagaa fi furriin (mucous membrane) faalama (infection) jarmootaa irraa nama baraaru. Garuu sababa muramuu gogaa irraa kan ka’e, dandeettiin faalama vaayireesii ittisuun isaanii hubamee HIVn qabamuuf saaxilaamuu danda’u.
Karaalee Daddarba HIV sadan

  1. Kara saal-quunnamtii
    Saal-quunnamtiin karaalee HIV’n ittiin daddarbu keessaa isa ijoodha. Akkuma dhukkuboota biroo karaa saalquunnamtiin daddarban kanneen akka cophxoo, wardee (suphilis), fi kkf HIV/AIDSiin karaa saalquunnamtii of eegannoo hin qabne (unsafe sex) nama irraa namatti darba. HIVn sanyii wal hormaata dhiiraa, dhangala’oo qaama walhormaataa fi laaguu dubartootaa keessa jiru karaa qaama hormaataa (genital membrane) nama biraatti darba. Saalquunnamtiin namoota korniyaa) walfakkaataa gidduutti geggeeffamuus daandii daddarba HIVti. Yaadqalbiin namoota hedduu waliin saal-quunnnamitii rawwachuus daandii HIV’n namoota gidduutti babal’atudha.
    Saalqunamtii of eegannoo hin qabne maal?
    Rawwannoo saal-quunnamtii nama dhiiga isaa keessa HIVn jiru faana of-eggannoo tokko malee raawwachuun dhibeef saaxilamuudha. Saal-quunnamtiin HIVf kan nama saaxilu qofa osoo hin ta’iin, ulfa hin barbaachifneef saaxiluun gara ulfa baasuutti geessuudhaan fayyuumaa qaamaa fi sammuu balaaf kan saaxiluudha. Gahumsaa barachuu fi hojii idilee (one’s carreer) fixaan baasuu gad buusuu fi dhukkuboota karaa saalqunnamtiin darbaniif (STD) nama saaxilaa.
  2. Karaa Meeshaalee fi Dhiiga HIV faalamee
    • Dhiiga HIVn keessa jiru waliin walii dabarsuu
    • Qaama nama HIV of keessa qabu irraa fuudhuu nama qulqulluu ta’eef jijjiiruu.
    • Lilmoo ykn meeshaalee qara qaban HIVn faalamanitti garagaaramuu
    • Meeshaalee HIV’n faalameen rifeensa sirreeffachuu, gurra urachuu.
    • Burushii ilkaanii nama HIV qabu itti gargaarame fayyadamuu
    • Bakka hojii ykn ispoortiitti dhiiga nama HIVn keessa jiru madaa nama nagaatti seenuu danda’a
  3. Haadha irraa gara Mucaatti Darbuu
    HIVn haadha vaayireesiin kun qaama ishee keessa jiru wayitii da’umsaa dura, wayitii da’umsaa fi da’um’sa booddee fi karaa harmaa mucaa dhalatutti darbuu danda’a.

Haaloota HIV Namarraa Namatti Daddarbuu Hindandeenye
Karaa HIV daddarbuu fi daddarbuu hin dandeenye addaan baasuun of eegannoo akka taasiisnuu fi sodaa hinbarbaachifne akka ofirraa ittisnu nu gargaara. Karaalee armaan gaditti dhiyaataniin HIVn nama irraa gara nama birootti darbuu hin danda’u.
• Karaa nyaata, dhugaatii fi qilleensaa
• Wal cinaa ta’uun (causal person to person contact) waliin barachuu, bishaan daakuu, qarshii wal jijjiiruuu k.k.f
• Harka wal qabachuu, wal dhungachuu, wal baachuu (garuu madaan qaama nama HIV qabuu fi kan hin qabne wal xuquu hin qabu)
• Mana fincaanii fi mana dhiqannaa waliin fayyadamuu.
• Ciniinnaa ilbiisootaan
2.3. Miidhaalee Ijoo AIDS’n Jireenya nama dhunfaa fi biyya irratti fidu
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, Kutaa kana keessatti miidhaa AIDS’n nama dhunfaa fi hawaasa irratti fidu ni baratta.
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Midhaa AIDS barnoota, dinagdee fi jireenya hawaasummaa namootaa irraan gahu haala kamiin ibsitaa?
Walummaa galatti AIDS’n qaama hawaasaa hedduu irratti miidhaa sukkanneesssaa uumaa jira. Isaanis:
A. Miidhaa AIDS Sadarkaa biyyaatti gahu
Wayita ammaa kana dhimmi AIDS dhimma hawaasaa waliigalaa ta’eera. Lammiileen biyya tokkoo karaa kallattii fi alkallattii ta’een miidhamaa jiru. Ijoolleen hedduun haadhaa fi abbaa dhabanii bakkeetti hafaniiru. Sababa deeggarsa maatii dhabuu irraa kan ka’e, ijoolleen maatiin isaanii AIDSn dhumanii kan nyaatanii fi uffatan akkasumas deeggarsa garaagaraa dhabuu irraa kan ka’e barachuu hin dandenye. Ilaalchi mana barumsaa keessatti hiriyoota isaanii irraa kennamu kan hamilee cabsu waan ta’eef tasgabbaa’anii abdii guutuun barachuu hin danda’an. Bakka bulan dhabanii daandii irra kan jiraatan hedduudha.
Maatiin AIDs hubaman dhukkuba adda addaaf saaxilamuun qabeenya isaanii mana yaalatti dhuma. Hojii idilee isaanii dalaguu waan hin dandeenyeef, galiin argatan gad bu’aa ykn hojii irraa addaan bahu. Kuns maatii isaanii rakkina dachaa ta’eef saaxila.
Barsiisonnis dhibee AIDSn yoo qabaman ni du’u. Hojii isaaniis gahumsaan waan hin raawwaneef barachuu barattootaa irratti dhiibbaa hedduu uuma. Kana irraa kan hubatamu, AIDSn kan miidhu namoota dhukkubaan qabaman qofa osoo hin taane hawaasa bal’aa waan dabalatuuf dhimmi isaa dhimma lammi hundaati. Kanaafuu, namni kamiyyuu ittisa HIV/AIDS keessatti qooda irraa barbaadamu gumaachuu qaba.
Miidhaa AIDS’n nama dhuunfaa irraan gahu
Haalli qabatamaan amma jiru akka hubachiisutti, namni HIVn qabame hawaasummaa keessaa ni qoodama. Kunuunsi firootaa fi maatii irraa barbachisu ni xiqqaata. Namni HIV waaliin jiraatu akkuma nama murteen du’aa irratti darbee guyyaa du’aa eggatuu muddamuu fi abdii kutachuuf saaxilama.
HIVn faalamuun gara sadarkaa dhukkuba AIDS irra yammuu gahu fi fayyummaan yammuu dhibu hubama qaamaa fi muddama saayikooloojikaalawaa isaan muudata.
Miidhaa AIDS’n maatii irraan gahu
Namoonni HIV’n qabame hawaasaa fi maatii biratti addaan waan fo’amuuf (discriminated) hawaasaa fi maatii faana jiraachuuf rakkatu; yeroo hedduu bakka biroo deemanii dhokatanii jiraachuu filatu.
Namni HIVn qabame yoo madda galii maatii ta’e rakkina dachaan uumama. Karaa tokko hojii isaanii haalaan rawwachuu hin danda’aan; karaa biroo immoo qabeenya harkaa qaban mana yaalatti fixu.
Kanaafuu, maatiin hanqina dinagdee irraa kan ka’e rakkina hawaasummaa fi saayikoloojaawaaf saaxilamu. Yammuu maatiin isaanii dhibee AIDS’n hubaman ijoolleen rakkina baachuu hin dandeenyeef saaxilamu.
Miidhaa AIDS’n Dagaagina dinagdee Biyyaa irraan gahu
AIDSn kan hubaa jiru dargaggootaa fi ga’essoota umurii 20-24 keessa jiranidha. Humna namaa oomishaawaa kana dhibee AIDStiin dhabuun misooma waliigalaa irratti miidhaa bakka bu’uu hin dandeenyee uuma. Beektonni, gaggeessitoonnii fi humni nama baratee yammuu dhiibee AIDSn dhuman, kisaaraa adeemsa misooma biyya tokko irratti uumu yaaduun ni danda’ama.
Yeroo ammaa kana teekinooloojiin medikaalaa AIDS dawaa (qoricha) arguu hin dandeenye. Namoonni baattoo HIV ta’an sadarkaa wayitii inkubeeshinii irra jiran mallattoo waan hin argisifneef osoo beekaniis ta’ee osoo hin beekin dhiibee kana tamsaasiisuu danda’u. kanaafuu, dhiibeen AIDS rakkina namoota dhukkuba kanaan qabamaani qofa osoo hin taane dhimma lammiilee addunyaa kanaati.

2.4. Tarsiimoowwan Ittisa AIDS
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, sagantaalee barnoota HIV/AIDS keessatti gahee akka barsiisaatti sirraa eegamu addan baafattaniittuu?
Akkuma beekamu namoonni yaadqalbii baranii ittiin jiraatan tokko salphaatti hin jijjjiiran. Jijjiirama irratti rincicuun ni muudata. Yaad-qalbiin rincicuu (resistance) hogganaa mana barumsaa, barsiisoota, barattootaa fi maatii barattootaa irraa madduu danda’a. Jarsooliin biyyaa, geggeessitoonni dhaabbilee amantaalee, qaamni siyaasa gaggeessu sababa adda addaa irraa kan ka’e jijjiirama mormuu danda’u.
Dhimma HIV/AIDS ilaalchisee barnootaan jijjiirama yaad-qalbii hawaasaa fi namoota dhuunfaa irratti uumuuf sirnaa barnoota keessatti hammachiisuun barbaachiseera. Immaammata barnoota Itophiyaa tarsimoo dokumentii ESDP-IV wixineeffame irratti sektera barnoota naannoo HIV/AIDS irraa bilisa ta’e uumuuf xiyyeeffannoon dhimma AIDSiif akka kename ibseera. Kaayyoon tarsiimoo kanaas dhimmamtoota biroo faana qindoomina uumuun tamsa’ina AIDS ittisuuf xiyyeeffannoon barattoota, leenjifamtoota, barsiisoota irratti kenuu isaa ibsa.
Akeekni dokumeentii kanas
1) Dhimma HIV/AIDS ittisuu adeemsa barnootaa keessatti idileessuu
2) Dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti dhimma HIV/AIDS dhimma qorannoo (research topic) taasiisuu
3) Sagantaalee barnoota wal maddeessaatiin hubannoo ittisa HIV/AIDs babal’isu manneetii barnootaa keessatti jajjabeesuudha.
Barsiisonni tarsiimoo jijjiirama uumuu armaan gadii fayyadamuun tamsa’ina HIV/AIDS ittisuu keessatti gahee adda durummaa bahun irra eegama.
A.Mala amansiisuu (rational-empirical strategy)
B. Mala aangootti fayyadamuu hubachiisuu (power coercive strategies)
C. Hariiroo gaarii uumuun barsiisuu barattootaa fi hawaasa naannoo hariiroo michummaa uumuu barsiisuu.
Akka barsiisaatti daree barsiistuu keessatti yaad-qalbii arman gadii rawwachuu qabda:
1) Barannoo guyyaa guyyaa keessatti makuun dhimma HIV/AIDS hubachiisuu.
2) Barattootaaf tajaajilaa tolaa kennuu
3) Ogeessoota fayyaa dhimma HIV/AIDS irratti hojjetan waliin hariiroo uumuu.
4) Barnootni HIV/AIDs irratti xiyyeffate akka cimuu haala mijeessuu.
5) Dhimmoota hariiroo fi wal-qixxummaa korniyaa barbaachisummaa yaad-qalbii rawwannaa saal-qunnamtii irraa of qusachuu k.k.f irratti hubannoo barattootaa fi hawaasa dagaagsuun sochii ittisaa HIV/AIDS keessatti qooda fudhachuun barsiisaa irraa eegama.
Barnoota Korniyaa)a (sexual Education)
Yeroo dhihoo keessa barnootni korniyaa)’oo dargaggonni yaad-qalbii rawwannaa saal- qunnamtii irraa of qusaachuu ykn of egannoo cimaa gochuun daddarbuu HIV/AIDS fi dhukkuboota biroo kan Saal-qunamtiin daddarban of irraa ittisuuf isaan dandeessiisu bal’inaan kennamaa jiru. Barnoonni kun dargaggoonni bu’aa rawwii korniyaa)’oo iftoominaan hubatanii murtee beekumsa irratti hundaa’e akka fudhatani isaan dandeesiisa.

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, hawaasni naannoo keetii dhimma korniyaa)’oo irratti ijoollee isaa iftoominaan hubachiisee akka isaan of eegan dandeesiisaa jiraa? Dhimmaa korniyaa)’oo irratti mana barumsaa keessatti barnoota kennuun maaliif barbaachisee?

Barnootni korniyaa)a’oo manneetii barnootaa keessatti kennamu dargaggoonni dhimma korniyaa)’oo haala saayikoloojawaa, bayolojaawaa, hawaas-aadaa fi wal-hormaataan walqabsiisanii akka hubatanii fi ogummaa murtee fi gochaalee ittigaafatamuummaa irratti hundaa’e fudhachuu kan isaan dandeessisu gonfachiisuu irratti kan xiyyeeffatudha.
Kanaafuu, dhimmi barnoota korniyaa)a’oo barattoonni dhimma korniyaa)a’oo dhiibbaa gama fiziyoolojaawaa, saayikoloojawaa, aadaa fi hawaasummaan jiru hubatanii currisaa fi fedhii isaanii to’achuu akka danda’an barsiisuudha.
Korniyaa)a’oon sirna hawaasummaa kamiyyuu keessattu qaama jireenya namuummaa yoo ta’e iyyuu, dhimma isaa namoonni iftoominaan haasa’an xiqqaadha. Barnoonni korniyaa HIV-AIDS to’achuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Middhaa fi barbaachisuummaa isaa hubachuun dargaggoonni murtee hubannaa irratti hundaa’ee fudhuu ni danda’u. Suura armaan gadii xinxali
Dargaggoonni korniyaa)’oo isaanii haala uffataa fi sirbuun ibsatu

 sirbuun booda

Taken from material prepared by UNESCO to train CTEs in Ethiopia
Bu’aan qorannoo akka ibsutti barnoonni korniyaa)a sirnaan qindaa’e faayidaalee armaan gaditti ibsaman argamsiisa:
 Odeeffannoo sirrii ta’e maddisiisa
 Hubannoo sirrii ta’e uuma
 Ilaalchii fi dudhaalee sirrii ta’e akka jajjabaatu/dagaagu taasiisa
 Ogummaa murtee fi gochaalee hubannoo irratti hundaa’e akka fudhatu dandeessiisa
 Ilaalchawwan (perceptions) waa’ee hariiroo hiriyyuummaa fi hawaasummaa irratti jiru ni fooyyessa.
 Dargaggootaa fi maatii ykn qaama hawaasa amanaman waliin fedhiin yaada wal-jijjiiru ni dagaaga (increase communication with parents or other trusted adults)
Gocha barachuu
kitaabiile barnoota baayooloojii ilaaluun ogeessa yaalaa dhimma walhormaata namaa gaafacuun gaaffiilee armaan gadii irratti ibsa kenni;-

  1. Dhimma walhormaataa (korniyaa)a’oo irratti ifaan (bilisaan) haasa’uu maaliif barbaachisaa? Akka ifaan (bilisaan) irratti maari’achuu irratti rakkooleen nu mudatu maalii?
  2. Namoonni dhimma korniyaa)a’oo irratti bilisaan mari’achuuf ykn dubbachuuf maaliif sodaatuu?
  3. Barnoonni korniyaa tamsaa’ina dhibee HIV/AIDS to’achuu irratti gahee inni qabu ibsi Gocha pirojeekitii Qorannoo Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, qorannoo sakatta’insaa gaggeessuun bu’aa qorannoo kee hiriyyootaaf daree keessatti dhiyeessi.
  4. Ilaalcha namoonni naannoo kee dhimmoota fuudhaa fi heeruma dura gocha saalquunnnamtii raawwachuu irratti fi HIV/AIDS qaban maal fakkaata?
  5. Mana yaalaa naannoo sitti dhiyaatu deemuun waa’ee dhukkuboota gocha korniyaa)’ootiin daddarban sadarkaa maal irra jira? Yammuu odeeffannoo sassaabbattu baay’ina namootaa, umurii, haala ga’ilaa fi korniyaa)atiin addaan baafachuuf yaali. Dhimmoota kana maal irra akka jiru qorachuun uummanni naannoo kee yaad-qalbii dhukkuboota sababa saal-qunnamtiin darbaan ammam akka saaxilame hubachuu danda’ama. Kana irraa ka’uun ilaalchaa fi hubannoo hawaasaa barnootaan jijjiiruun ummanni jijjiirama yaad-qalbii barbaachisu akka gonfatuuf gahee barsiisootaa fi mana barumsaa hammam barbaachisaa akka ta’e hubachuu dandeessa.

Wabii
The Federal Democratic Republic of Ethiopia: Education Sector Development. Program IV (ESDP IV) 2010/2011 – 2014/2015 2003 EC – 2007 EC
UNESCO/WHO School Life skills Education to Prevent AIDS and STD, 1994
UNESCO Teacher’s Handbook on Sex Education & HIV/AIDS Prevention, 2000
UNESCO PROAP Regional Clearing House on Population Education and Communication: Handbook for Educating on Adolescent Reproductive and Sexual Health Bangkok, 1998
WHO World AIDS Campaign with Children and Young People, 1999
A Season with Dreams -Documents of Puppy Love in China, World Language Publishing House in China, 1999
For a Better Future -Extracts of Juvenile Delinquency Prevention Exhibition, 2000
Training Manual of Project Implementation on STD EU-China Office for STD & HIV/AIDS Prevention, 2000
Joukhadar, A.H. (1997). Training for sexuality education HIV/AIDS prevention. Paris: UNESCO

BOQONNAA 3

NAANNOO FI BARNOOTA

Kaadhimamaa/tuu Barsiisaa/tuu,
Kanaan dura yaad-rimeewwan “Naannoo”, “Barnoota naannoo”, “Miidhama naannoo”, “Dhimmoota naannoo” fi k.k.f dhageessee, dubbistee ykn barattee beekta ta’a. Boqonnaan kun dhimmoota naannoo fi barnootaan walqabatan kanneen akka maalummaa naannoo, barnoota naannoo, barnoota fayyadamummaa naannoo itti-fufiinsa qabuu,walitti bu’iinsa naannoon walqabatan fi beekumsa darbaa dabarsaan dhufan (indigenous knowledge) jedhaman irraatti hubannoo ati qabdu cimsuuf qophaa’ee jira. Dhimmoota kana irratti hubannoo gahaa qabaachuun naannoo kee sirriitti hubachuu fi dhimmoota naannoo fi miidhama isaa akka ibsitu si gargaara. Dabalataan bu’uuraalee, mullataa fi kaayyoowwan barnoota naannoo akka addaan baastu si gargaara.
Boqonnaa kana keessatti gahee barumsi naannoo balaawwan naannoo xiqqeessuu keessatti qabu, gahee beekumsawwan aadawaa fi immaammata barumsaa fi leenjii Itiyoophiyaa keessatti xiyyeeffannaa kunuunsa naannoof kenname irratti miiltoowwan waliin ni mariyata. Gochaalee adda addaa kennamanis ni hojjetta.

Bu’aawwan barnoota boqonnaa kanaa
Boqonnaa kana eega dubbistee fi gochaalee adda addaa shaakaltee booda:

 Yaad-rimeewwan “Naannoo”, “Barnoota naannoo”, “Dhimmoota naannoo”, “Miidhaawwan naannoo” fi “Fayyadamumaa naannoo itti fufiinsa qabu” ni ibsita.
 Mul’dhataa fi kaayyoowwan barnoota naannoo ni tarreessita.
 Yaad-bu’uuralee barnoota naannoo ni eerta
 Barbaachisumma barumsi naannoo balaawwan naannoo xiqqeessuu gubbaatti qabu ni addeessita.
 Bakka Barumsi naannoo imaammata barumsaa fi leenjii Itiyoophiyaa keessatti qabu xiinxaluun niibsita.
3.1 Yaad-rimeewwan Naannoo fi Barnoota Naannoo
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu , Naannoo Ykn Barumsa Naannoon jechuun maal jechuu dha?

Ibsa moojula kana keessatti kenname osoo hin dubbisiin dura muuxannoo mataa kee

irraa ka’uun hiika itti kennuu yaalimee


.

Hiikkaa yaad-rimeewwan “Naannoo” fi “Barnoota Naannoo” jedhaman ilaalchisee hayyoonnii adda addaa hiika garaa garaa kennanii jiru.Hiikooleen gara garaa kunniin adda addumaa haala qabatamaa fi muuxannoo hayyootaa irra kan madde ta’uu danda’a.Yaad-rimeewwan Naannoo fi barnoota naannoo jedhamaniif hiikni hunda galeessa ta’e hin jiru jechuu dandeenya.Kanaaf, haala qabatamaa naannoo keenyaa bu’uura godhachuun ibsuu dandeenya.
Hiikni kallattii naannoo wantoota nu naanna’anii jiranii fi walitti hidhamiinsa isaaniiti. Kuns, haala qabatamaa lubbu qabeeyyii fi lubbu maleeyyiin hundi keessa jiraatanidha. Haaloonni qabatamaa kunniin dagaaginaa fi amala naannoo fi lubbu qabeeyyii naannoo keessa jiraatan irratti dhiibbaa geessisuu keessatti gahee guddaa taphatu.
Akka Dichiro (1987) ibsutti yaad-rimeen Naannoo walitti dhufeenya fi qindoomina naannoo fiizikaalaa keenyaa fi haala qabatamaa hawaasumma,siyaasaa fi dinagdee naannoo keesstti uumamuuti hubatamuu qaba jedha.
Yeroo ammaa, biyyoonni addunyaa heedduu dhimmoota naannoo ilaalchisee xiyyeeffannaa guddaa itti kennaa jiru.kanaan walqabatee barnoonni naannoo sadarkaa biyyaa fi addunyaatti bakka ol’aanaa argataa jira. Mootumman Itiyoophiyaas barbaachisuummaa fi fedhii naannoo kunuunsuu cimaa agarsiisaa jira.Mootummaan keenya naannoo uumamaa fooyeessuu irratti waggaa waggaan biqiloota hedduu dhabsiisuun huwwisa biqilootaa kanaan dura%3 hin caallee gara%15 akka ol-guddatu taasisee jira.Sadarkaa addunyaatis mariiwwan naannoo waliin walqabatee gaggeeffamu irratti Afriikaa bakka bu’uun fedhii Uummata ishee adda dureen dhiyeessa jira.Imaammata barumsaa fi leenjii keessattis barbaachisummaan barnoota naannoo beekkamtii guddaa argatee jira.Kuns ta’e,kallattiin qajeelaa dhimmoota naannoo sirriitti bakkaan gahuu itti dandaa’amu karaa barnootaa fi barnootaan qofadha kan jedhu amantaan gatii jiruufi.
Barnootaan malee itti fufiinsi fayyadamumaa naannoos uumamuu hin danda’u.Kaayyoon barnoota naannoos rakkoolee uummatni naannoon wal-qabatee qabu furuu fi itti-fayyadamummaa isaa ol-guddisuudha.
Hayyootni “Wright fi Randall”, Barnootaa fi hawaasa jijjiiruu gidduutti walitti dhufeenya cimaatu jira jedhu. Barnoota malee hawaasa tokko gara guddinaati tarkaanfachisuun hin dandaa’amu yaada jedhutu qabu. Naannoo uumamaa keenyaa fooyyeessuufis xiyyeeffannaan keenya barnoota irratti gochuu akka qabnu ibsu.
Barataa, Xiyyeeffannaa guddaa barnoota naannoof kennuun maalif barbaachisaa akka ta’e ni beektaa? Mee hiryoota kee faana ta’uun barbaarchisummaa barnoota naannoo eeruu yaali?

Barnoota naannoo irratti xiyyeeffachuun kan barbaachiseef sababoota ijoo armaan gadii irraa kan ka’e dha. Isaanis:
 Qabeenyi uumamaa addunyaa Bishaan,Biyyee,Bosoona, fi Bineensoota bosoonaa dabalatee jiru yeroo yeroon manca’aa fi gadi bu’aa dhufuu. Kana bakka jiruuti qabuu ykn fooyyeessuun jireenya ilma namaatiifis murteessaa gatii ta’eef.
 Naannoon uumamaa addunyaa fi biyya keenyaa gochaalee ilma namaa irraan kan ka’e garmalee faalamuun jireenyaaf rakkisaa ta’aa dhufuu isaa
 Qorannoowwan yeroo dhiyoo gaggeeffaman akka ibsanitti sagantaaleen kunuunsa naannoo biyyoota addunyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jiru gahaa kan hin taane ta’uu isaanii fi k.k.f dha.
3.2 Dhimmoota Naannoo (Environmental issues)
Kaadhimamaa barataa? Dhimmoonni naannoo ijoo maal fa’aa akka ta’an beektaa? Mee kanneen beektu muraasa eeruu yaaali?Hiriyaa kee waliin mariyachuun tarrreesuus ni dandeessa.


Yaad-rimeen Dhimma jedhu (concept of issue) waan xiyyeeffanna guddaa barbaadu tokko jechuudha. Barnnoota naannoo keessatti dhimmi (issue) yaada falmii cimaadhaan hubannoo quubsaa qabatamuu qabuu fi tarkaanfii fudhtamuu qabamuu irratti walii galamuu barbaachisudha. Namoonni dhimma irratti mariyatan itti gafatamummaa cimaatu irra jira. Sirriitti aantummaa guddaan irratti yaaduun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun rakkoo uumame akka salphatu ykn hiikamu gochuu qabu.
Dhimmoonni naannoo adeemsa guddina dinagdee fi teeknoolojii addunyaa faana wal-qabatanii kan ka’anidha. Kanneen armaan gadii dhimoota naannoo addunyaa jedhamanii fudhatamuu danda’u.
Chaartiin armaan gadii dhimmoota naannoo ijoo ta’an kan agarsiisudha.

Saaxilamummaa (Danger)
Saaxilamni dhimmoota xiyyeeffannoo naannoo keessaa tokko ta’ee naannoon (biyyi) tokko balaaf hangam of mijeessee akka jiru kan agarsiisudha. Saaxilamni qorannoon kan bira gahamee ibsamudha.Biyyi tokko kunuunsa naannoo irratti tarkaanfii adda addaa fudhachuun dura sadarkaa saaxilama ishee qorachisuu qabdi.
Hawaasni biyya tokkoo naannoo kunuunsuu irrattii hubannoo inni qabu fi hangam naannoo kunuunsa akka jiru qoratamee ibsamuu qaba.Eega hangi saaxilamaa bira gahamee booda tarkaanfileen barbaachisaa ta’an fudhatamuu danda’u.Kanaaf,naannoo kunuunsuuf socha’uun dura hangi saaxilamaa qoratamee sadaarkaan kunuunsa godhamuu bira gahamuu akka qabu hayyoonni ni gorsu.Hangi saaxilamaa osoo hin beekamiin tarkaanfilee kunuunsaa adda addaa fudhachuun fayyadamummaa itti fufiinsa qabu fiduu akka hin dandeessisne waliigaltee hayyoota hedduuti.
Balaa (Hazard)
Balaan taateewwan ykn qabattoota miidhaa ykn wantoota hin barbaachifnneef naannoo saaxilanidha. Balaan kan uumamaa ykn namtolchee ta’uu danda’a. Balaawwan uumamaa kanneen akka bubbee, rooba ol’aanaa, sigigaachuu lafaa, dhohiinsa volkaanoo, baqiinsa cabbii ennaa ta’an, kanneen nam-tolchee immoo faalama qilleensaa, balaa ibiddaa, seeraan ala itti-fayyadama qabeenya uumamaa, fi k.k.f dha.
Balaawwan uumamaas ta’e nam-tolchee biyya tokko irra gahuu danda’u dursanii qorachuun akka miidhaa cimaa hin geessisne gochuun barbaachisaadha.Biyyi keenya balaawwan uumamaa qorachuun mootummaan dursee akka irratti qophaa’uu kan akeekachissu dhaabbanni jira.Dhaabbatni kuns dhaabbata ittisa balaa fi qophaa’inaa jedhamuun beekama.Hojii dhaabbata kanaatiin kan ka’e Ongeen waggoota kudhan kudhaniin biyyattii muuddatu gara beelaatti akka hin jijjiiramne taasifamaa kan itti turedha.

Miidhaa (Crisis)
Miidhaan rakkoowwan balaa tokkoon booda dhufudha. Akka fakeenyaati, balaan socho’iinsa lafaa miidhaawwan cicituu daandii konkolaataa,sarara bishaanii fi humna ibsaa,rakkoo dhiibeewwan adda addaa fi k.k.f uummata saaxiluu danda’a.
Kanaaf, Miidhaawwan dhimmoota ariifachiisaa xiyyeeffanna qofa osso hin taane tarkaanfii ataattamaa barbaadanidha.Miidhaawan dursa kan argachuu qaban fi yeroodhuma uumaman sanatti tarkaanfiin deebisanii ijaruu kan irratti fudhatamuu qabanidha.Miidhaan yeroo balaa uumamaa keessa bahuu itti yaalamus ni hammata.
Taateewwan nama qoran (Challenges)
Taateewwan nama qoran ennaa balaa ykn miidhaan tokko naannoo irratti gahuu salphaatti hiikuu akka hin dandeenye kan nu daangeessanidha.Taateewwan nama qoran irratti dursa sirriitti yaaduu,karoorfachuu,qabeenyaa fi yeroo qindeeffachuun barbaachisaadha.Kuns balaan ykn miidhaawwan deebi’anii akka hin uumamne kan gargaaranidha.
Haala mijaa’aa (Opportunity)
Haalli mijaa’aa balaa ykn miidhaa naannoo irraa bilisa bahuuf wantoota gaarii ykn qajeelaa jiranidha.Balaa ykn miidhaan tokko akka hin uumamne haala mijaa’aa jiranitti dursanii fayyadamuu dand’uun qaroominadha. Fakkeenyaaf,biyyi keenya guddina ariifachiisaa keessa jirtu irraa kan ka’e naannoon uumamaa ishee miidhamuu danda’a.Baballina warshaalee irraa kan ka’e qilleensi faalamuu danda’a. Baballina dacheewwan qonnaa irraa kan ka’e immoo bosoona,biyyee fi qaamnan bishaanii miidhamuu danda’u.
Faallaa kanaatiin immoo qaama bishaanii heedduu qabdi,humna dargaggootaa baratan biyya jijjiiruu dandaa’anis qabdi.karaa nageenyaatiinis sadarkaa gaarii irra jirti.Uummani ishees nageenyaaf dursa kan kennudha.Isaan kunniin haala mijaa’aa jiranidha. Qaama bishaanii qabdutti fayyadamuun humna elektriikii oomishuun warshaalee qilleensa hin faalle baballisuu dandeessi.Akkasumas,humna dargaggoota baratanitti fayyadamuun hojiilee oomisha giddugaleessaa irratti hirmaachisun namoota qonnaan jiraatan xiqqeessaa deemuu dandeessi. Nageenya qabdu cimsachuun guddina amma keessa jirtu itti fufsiisuu dandeesi.
Haala mijaa’aa jiranitti fayyadamuun dhimmoota naannoo keessaa isa tokko dha.Biyyoonni heeddu addunyaa gara boodatti kan hafan ykn kufaatii cimaa keessa kan seenaa jiran haala mijaa’aa jiran saka’ttaanii bira gahuun itti fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’edha.
Miidhaa cinaachaa (Risks) : miidhaa rakkoolee naannoo irratti uumaman furuuf jecha dhufu.
Tarkaanfilee qabeeya/naannoo uumamaa kunuunsuu ykn fooyyeessuuf fudhataman irraa kan ka’ee miidhaawwan adda addaa gahuu danada’u.Miidhaawwan kunniin miidhaawwan cinaachaa jedhamu.
Fakeenyaaf, oomishtummaa biyyee dabaluuf jecha xaa’oowwan keemikaalaa ennaa fayyadamnu ilbiisooni faayidaa qabeessa ta’an kanneen akka kannisaa miidhamuu danda’u. karaa biraatiitiin kunuunsa naannoof jecha mukeen bosoonaa dhaabaman bishaan lafa keessaa daguuganii fixuu danda’u.
Tarkaanfilee kunuunsaa kamiyyuu ennaa fudhannu miidhaa cinaachaa isaa qorachuun hojiira oolchuun barbaachisaadha.kun ta’uu baannaan faayidaan kunuunsa irraa argamu miidhaa geessisuu gadi ta’uu danda’a.

Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu, hiryaakee faana ta’uun tarkaanfilee kunuunsa ykn fooya’iinsa naannoo uumamaa tarreesuun miidhawwan cinaachaa qaban ibsuu yaalaa.
______________________________________________________ ______________________________________________________


3.3 Barnoota Naannoo
Akkuma naannoo, barnoota naannoo ilaalchisee hiikoolee hedduutu jiru. Kuns kan ta’e hiikni naannoo fedhii hayyoota/dhaabbilee ykn haala qabatamaa jiru gatii bu’uureffachuun waan kennamuufidha. Dhaabbileen hedduu dhimma naannoo iraatti socho’an hiika naannoo bifa adda addaan ibsu.
Fakkeenyaaf Dhaabbatni IUCN(1971) jedhamu afaan Ingiliiziin akka armaan gadiitti hiika kenna.
Environmental education is the process of recognizing values and clarifying concepts in order to develop skills and attitudes necessary to understand and appreciate the inter-relatedness among man, his culture, and his biophysical surroundings. Environmental Education also entails practice in decision-making and self-formulation of a code of behavior about issues concerning environmental quality. (IUCN; 1971)
Akka hiika dhaabbata kanaati barnoonni naannoo yaad-rimeen armaan gadii akka hammmatu hubachuun ni dandaa’ama.
 Barnnoonni naannoo Yaad-rimeewwan fi duudhaalee hawaasa tokko keessa jiruuf gatii Kan kennuu ta’uu
 Yaad-rimeewwan fi duudhalee jiranitti fayyadamuun dandeettii fi ilaalcha ilmi namaa Naannoo kunuunsuu fi fooyyeessu irratti jijjiiruu
 Walitti dhufeenyi ilma namaa, aadaa fi naannoo baayoo-fizikaalaa gidduu jiru akka hubatamuu fi dinqisiifatamu gochuu
 Dhimmoota naannoo irratti dandeettii murtee kennuu gabbisuu
Hiikni dhaabbata IUCN kenname kun Koonfiransii sadarkaa addunyaatti gaggeeffan adda addaa irratti fudhatamummaa kan argatee fi isa bu’uuraati.Fakkeenyaaf Koonfiransiin dhimma barnoota naannoo irratti magaala Tibilisii,USSr(1977) gaggeeffame hiika IUCN ajandaa marii lakk.21 keessatti hammachiisuu akka yaada ka’umsaati fudhateera.
Karaa biraatiin koonfiransiin sadarkaa mootummoota gamtoomanii dhimma naannoo irratti yeroo lammaffaaf magaalaa Rio de janeiro,Brazil(1992) gaggeeffame hiika IUCN akka ka’umsaatti fudhachuun hiika barnoota naannoo akka armaan gadiiti ka’ee jira.Innis:
Barnoonni naannoo bifa barnoota idilee ,hawwaasa hubachiisu ykn leenjii adda addaan kennamu adeemsa ilma namaa fi hawaasa tokko qabeenya qabu seeraan akka fayyadamuu gochuuti.Barnoonni naannoo guddina itti fufiinsa qabu fiduu fi humna hawaasaa kunuunsaa fi fooya’iinsa naannoo irratti kakaasuuf gahee guddaa taphachuu danda’a jedha.

Waliigalteen koonfiransii Rio de Janeiroo(UNICED,Ajandaa 21) akka ibsutii ,Barnoonni naannoo bifa idileenis ta’e al-idileen kennamu ilaalcha hawaasaa guddina itti-fufiinsa qabu mirkaneeffachuun wal-qabatee jiru fooyyeessuurratti gahee gudda akka taphachuu danda’u addeessa.Dabalataan , hubannoo waa’ee naannoo,duudhaalee fi dandeettiiwwan guddina itti fufiinsa qabu dhugoomsuuf barnootni naannoo shoora ol’aanaa qaba jedha.

Jechoota mataa keetti fayyadamuun yaad-rimeewwan armaan gadiif hiika kenni.
(a) Naannoo________________________________________________________________________________________________________________
(b) Barnoota naannoo.______________________________


(c) Dhimmoonni naannoo maali? Fakkeenya kennuun ibsi.


3.4 Akeeka, kaayyoowwan fi bu’uuraalee Barnoota Naannoo
Akeeka barnoota naannoo

  1. Beekumsaa fi xiyyeeffannaa uummanni dhimmoota naannoo irratti sadarkaa biyyaa fi addunyaa irratti qabu cimsuu
  2. Ilaalchaa fi duudhaaleen naannoo kunuunsuu fi fooyyeessuu hawaasa keessatti akka dagaagan haala mijaa’aa uumuu
  3. Nimmoota dhuunfaa,gareewwan hawaasaa fi hawaasa mara keessatti amaloota haaraa naannoo dagaagsuu
  4. Lammiilee naannoo baayoofizikaalaa ilaalchisee hubannoo gahaa qaban fi rakkoolee naannoo furuuf qophaa’oo ta’an horachuu fi.k.k.f
    Kaayyoowwan barnoota naannoo
    Kanneen armaan gadii kaayyoowwan barnoota naannoo koonfiransii Tibiliisii(1977) hirmaattoonni irratti waliigalamanidha
  5. Namoonni dhuunfaa fi gareewwan hawaasaa hubannaa fi xiyyeeffannaa naannoo fi rakkoolee naannoo ilaalchisee qaban akka cimsatan gargaaruu
  6. Namoonni dhuunfaa naannoo fiizikaalaa,hawaasummaa,siyaasaa fi dinagdeen wal-qabatee jiru irratti muuxannoo adda addaa akka argatan gargaaruu
  7. Gareewwan hawaasaa fi namoonni dhuunfaa rakkoolee naannoo akka adda basan, tankaafilee sirreessaa fudhachuun naannoo uumamaa isaanii akka fooyyeessan dandeettii qaban akka gabbifatan gargaaruu.
  8. Gareewwan hawaasaa fi namoonni dhuunfaa rakkoolee naannoo sadarkaalee adda addaa irratti uumaman furuu keessatti si’ayinaan akka hirmaatan haala mijaa’aa uumuun gargaaruu.
    Seer-Bu’uuraalee Barnoota Naannoo
    Koonfiransiin Tibiliisii (1977) Seer-bu’uuleen barnoota naannoo kanneen armaan gadii hammachuu akka qaban gorsa
  9. Hunda galeessummaa barnnoota naannoo
     dhimmi naannoo dhimma uumamaa,dhimma tekinoolojii, hawaasaa, dinagdee, aadaa, seenaa, safuu,amantaa fi dhimma bashannanaati jedhanii fudhachuu
  10. Barnoonni naannoo barnnota umurii guutuu idileen duraa kaasee hanga barnoota ol’aanaatti itti fufuu fi barnoota idilee fi al’idilee kan hammatu ta’uu
  11. Barnoonni naannoo dhimma gosoota barnoota hundaa ta’uu isaatii fi qabiyyeewwan gosoota barootaa hunda faanaa walitti qindaa’ee dhiyaachuu akka qabu.
  12. Dhimmoota naannoo ijoo sadarkaa biyyooleessaa fi addunyaa qorachuun barattoonni haalawan naannoo bakka adda addaa akka beekan gochuu.
  13. Haala qabatamaa ammayyaa irratti xiyyeeffachuu, kan seenaadhaan darban osso hin dagatiin
  14. Barbaachisummaa fi bu’aa waliin hojjechuu biyyoota addunyaa gidduuti jiru jajjabeessuu.
  15. Barattoonni muuxannoo isaanii irraa ka’uun dhimmoota naannoo irratti gahee karoorsuu fi murtee kennuu akka qabaatan carraa uumuu
  16. Barattoonni sababaa fi mallattoolee rakkoo naannoo akka sakattaa’anii bira gahan gargaaruu
  17. Xiyyeeffannaa walxaxiinsa rakkoolee naannoof kennuu fi barbaachisummaa gadi-fageessanii yaaduu dagaagsuu fi dandeettii rakkoo hiikuu cimsuu
  18. Tooftaa fi haala barachuu hedduu uumuu , barnootaa muuxannoo haaraa fi gocha irratti xiyyeeffate fayyadamuu
  19. Barnoonni naannoo rakkoolee fi kufaatii naannoof deebii akka kennu gochuu
  20. Barnoonni naannoo hubannoo fi dandeettii barattootaa kan jajjabeessu,illaalcha qajeelaa dhimmoota baayofizikaalaa fi naannoo hawaasummaa akka qabaatan kan gargaaru ta’uu fi k.k.f. Gocha
    1.Barattootaa, gareen ta’uun dhimmoota naannoo mana jireenyaa ykn kolleejjii keessanii armaan gadii irratti mariyachuun haala qabatamaa jiru dareedhaaf ibsaa.
     Haala balfaan itti gatamu
     Tajaajila mana fincaanii
     Tajaajila bishaan qulqulluu
     Ilaalcha barattootaa balfaa gatuu irratti qaban
     Mukkeenii fi abaaboo adda addaa dhaabuu fi kunuunsuu
     Sochii gumii kunuunsa naannoo
     Miidhagina daree barnootaa
     Balfaa adda addaa gubuu
  21. Kabajamaa barsiisaa,dhimmoota naannoo armaan olii irratti eega mariyatanii booda dhimma naannoo tokko gareen filachuun rakkoo naannoo kolleejii isaanii akka furan bifa piroojaktiin kennaafii

3.5 Gahee beekumsi darbaa dabarsaan dhufan (indigenous knowledge) barnoota naannoo keessatti qabu
Beekumsi darbaa dabarsaan dhufan yeroo kana eegale jechuu hin dandaa’amu. Garuu, jreenya ilma namaatiin walqabatee aadaawwan hawaasaa adda addaa keessatti bifoota adda addaatiin mul’dhachaa kan turedha jedhanii fudhachuu ni dandaa’ama.
Aadaa keessatti tooftaa naannoon itti kunuunsan, itti jiraatan, nyaata garagaraa itti qopheessan fi sooratani fi k.k.f ilaalchisee beekumsi daddarabaa dhufeera. Fakkeenyaaf, aadaa hawaasa keessatti miseensi tokko barumsa miltaa’aan kanneen armaan gadii irratti beekumsa argachuu danda’a
 Firii mukaa akkamii akka soorachuu danda’uu fi hin dandeenye
 Maddoonni bishaanii eessatti akka argaman,keessattuu yeroo gogiinsaa
 Bosoona keessatti akkaataa bineensoota irraa of-eeguun dandaa’amu
 Mukeen akkamii ijaarsa,meeshaalee adda addaa tolchuuf,qorichaaf fi k.k.f akka oolan
Egaa kan akkasiitu beekumsa aadawaa jedhama.Beekumsi aadawaa bu’aa qofa osoo hin taane miidhaa kan fidanis ni jiru.Akka jiraniti dhisuu/gatuu osoo hin taane kanneen faayidaa qaban filatanii fayyadamuun gaarii ta’a.
Beekumsawwan aadawaa bu’aa qaban itti fayyadamuu qabnu
 Beekumsaa fi hubannoo hawaasni tokko sanyiiwwan biqilootaa kunuunsuu irratti qabu
 Beekumsa addaa hawaasni tokko qabeenya baayoloojikaala kunuunsuu irratti qabu
 Oduu durii/afoola keessatti bakka bineeldootaa fi biqiloota kunuunsuudhaaf kenname.Fakkeenyaaf afoola ,oduu durii, aadaa fi k.k.f irraa kan ka’e biqilootaa fi bineensoota tokko tokko nyaataa fi itti fayyadama adda addaan ala gochuun kunuunsa naannoof gahee guddaa taphachaa kan ture ta’uu

Beekumsa darbaa dabarsaan dhufan seenaan beekaman
Beekumsi darbaa dabarsaan dhufan kanneen abbootii keenyaan yeroo durii hojjiira oolaa turan keessaa tokko adeemsa lafa qonnaa waggoota muraasaan booda itti jijjiiranidha.Yeroo ammaa dhiphina lafaa irraan kan ka’e hojiirra oolchuun rakkisaa ta’ullee adeemsa omisha adda addaa oomishuun cinatti kunuunsi adda addaa naannoo fi qabeenya uumamaaf taasifamu akkaataa hawaasni tokko naanno waliin of-mijeessaa deemuu itti danda’uuf fakkeenyadha.
Adeemsa qotiinsa aadawaa kana keessatti lafti qonnaa akka jirutti akka manca’u hin taasifamu. Mukeen hawaasaaf barbaachisan tokko tokko hin muraman.Biqiloonni firiin isaanii faayidaa qaban, baalli isaanii qorichaaf oolan,ijaarsaa fi gaaddisaaf oolan,sirnoota amantaa,kunuunsa biyyeef fayyadan fi k.k.f itti hin bu’aman.Biqiloonni kanneen biros hundeetti hin ciraman.hiddi isaanii akka hafu taasifamee ciramu.kun kan ta’eef lafti sun qonnaan ala yoo ta’e deebi’anii akka biqilaniif.Lafa tokko qonnaaf qopheesuuf hundeen buqqissuuti gubuutu filatama.Gubuun bu’aa dacha qaba tokkoffaan biqilaan tokko hundeen akka hin badne taasisa,lammaffaa immoo wanti gubate akka xaa’oo uumamaati tajaajila.Sanyii midhaanii ennaa facaasanis qotiinsa sangaa ykn meeshaa ammayyaa adda addaan osoo hin taane muka qarameen waraanuu fi sanyii keessa buusuun kan gageeffamudha.kuns biyyeen akka hin dhiqamne kan taasisudha.
Walumaagalatti beekumsawwan aadawaa akkasii hawaasa adda addaa keessa gatii jiraniif sirriitti sakatta’uun haala rakkoolee naannoo ammayyaa furuuf ooluu dandaa’anitti hojiirra oolchuun barbaachisaadha.

Beekumsa darbaa dabarsaan dhufan ilaalchisee dhimmoonni ijoo quunamtiin irratti taasifamuu qabu jiru. Isaan kunniin chaarii armaan gadii keessatti bifa geengoon agarsiifamanii jiru. Tokko tokkoon isaanii irratti mariyachuun bu’aa akkamii akka qaban ibsuu yaalaa.

Gocha

  1. Gareen ta’uun hawaasni naannoo keessanii midhaan nyaataa itti tursu;bineensoota,biqloota,fayyaa,jireenya dinagdee fi hawasummaaa isaa itti kunuunsu fi eeggatu mariyachuun daree kessaniif dhiyeessaa.


  1. Beekumsawwan darbaa dabarsaan dhufan kanneen naannoo keessanitti beektan irratti barreeffama gabaabaa barreessuun dareef dhiyeessaa

3.6. Barnoota naannoo guddina itti fufiinsa qabuuf
Yaadni barnoota naannoo guddina itti-fufiinsa qabuuf jedhu mul’dhata biyyoota addunyaa heedduu eega ta’ee tureera. Hawaasa umurii fi sadarkaa jireenya kamiyyuu irra jiru barnoota naannoon cimsuun barbaachisummaa guddina itti fufiinsa qabuu irratti amananii itti gaafatamummaa akka fudhatan isaan taasisuadha.
Kanneen armaan gadii tarkaanfilee ijoo barnoota guddina itti-fufiinsa qabu dhugoomsuuf fayyadanidha.Tokko tokkoon isaanii irratti mariyachuun hubannoo keessan cimsachuu yaalaa.
 Barnoonni bu’uuraa barnoota sadarkaalee hundaatiif murteessaa ta’uu isaa hubachiisuu.Barnoonni naannoo kutaalee gadi aanaa irratti xiyyeeffannoo akka kennu gochuu
 Imaammata barnootaa, sagantaalee fi gochalee adda addaa bifa guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuu dandaa’aniti sakattaa’anii fooyyeessuu
 Barnoonni jijjiirama naannoo,aadaa fi dinagdee baadiyyaaf furtuu akka ta’e hubachiisuu
 Barnootni umurii guutuu,barnoota ga’eessootaa fi hawaasaa,barnoota teeknikaa fi ogummaa ,barnoota ol’anaa fi leenjii barsiisootaa dabalatee jiran hundi isaanii guddina itti-fufiinsa qabu dhugoomsuuf gahee mataa isaanii akka taphatan hubachiisuu
 Addunyaa gara fuulduraa sirreessuu fi rakkoolee hawaasaa furuuf barnootaan alatti meeshaan filatamaa ta’e hin jiru.Guddinni itti fufiinsa qabu lammii si’aataa , beekaa,of-eeggannoo cimaa godhu,fi murtee gahumsa qabu murteessu danda’u barbaada
Qabxiileen armaan olii kan agarsiisan barnoonni gocha hawaasummaa ta’uu isaati.Barnoonni hawaasaaf, hawaasni barnootaaf yaada jedhu jabeessudha. Guddinni itti fufiinsa qabu mul’ata hawaasa tokkoo mirkaneessuurratti gahee guddaa kan taphatudha malee dhimma teeknikaa fi saayinsawaa qofa kan hin taanedha. Guddinni itti fufiinsa qabu nageenya, mirgoota dhala namaa, walqixxummaa, fi yaada hiddamoota ikoloojii fi ho’iinsa adunyaa faanas walqabata.
Karaa biraatiin, guddinni walitti fufiinsa qabu walitti hidhamiinsa hawaasaa fi naannoo barbaada.Walitti-hidhamiinsa jechuun kaayyooleen hawaasaa, dinagdee, siyaasaa ykn naannoo kopha kophaati raawwatamuu kan hin qabaanne ta’uu isaati.kaayyoon isa tokko kan biraa irratti miidhaa akka hin geessisne waliin karoorsuu fi raawwachuun barbaachisaadha.Hawaasumma ,dinagdee,siyaasaa fi dhimmoota naannoo walitti qindeessuun marii cimaa fi murtee diimokraatawaa ta’e kennuu barbaada.

Bu’aa barnoonni naannoo guddina itti-fufiinsa qabu dhugoomsuurratti qabu
Kallattii barnoonni naannoo guddina itti-fufiinsa qabu dhugoomsuuf gargaaruu itti danda’u heedduudha.Kanneen armaan gadii gumaacha barnoota irra argaman keessaa muraasa

  1. Barnoonni dinagdee, hawaasummaa fi siyaasa biyyaa/naannoo tokkoo irratti qorannoo gageessuun dhiibbaa guddina itti-fufiinsa qabu mirkaneessuun walqabatee fiduu dandaa’an ni hubachiisa.Kanaan walqabatee
     Barattoonni naannoo isaanii ilaalchisee hubannoo qaban akka ibsan ni jajjabeessa
     Barattoonni jireenya isaanii keessatti wantoota miidhaa geessianii fi hin geessisne akka addaan baasan gargaara
     Walitti bu’iinsa kaayyoowwan guddina walitti-fufiinsa qabuu adda addaa sakatta’anii akka bira gahan taasisa
     Malootaa fi tooftaaleen guddina itti-fufiinsa qabu dhugoomsuuf filataman beekumsa darbaa dabarsaan dhufan faana akka wal hin faalleesine mirkaneessuu
  2. Qabsoo guddina itti-fufiinsa qabu dhugoomsuu keessatti milkaa’uuf barnoonni naannoo hirmaannaa barattootaa gama duudhaalee haqummaa, wal-qixxummaa fi hubannaa jiru jajjabeessuuf gargaaruu
  3. Barnoonni naannoo amala fi duudhaalee gaggaarii barattootaa ijaaruu keessatti gahee guddaa kan taphatu ta’uu isaa

Gocha
Gumaacha barnoonni naannoo guddina itti fufiinsa qabu dhugoomsuurratti qabu muuxannoo qabdan irraa ka’uun tarreessuu yaalaa.


1.7 Naannoo Uumamaa kunuunsuu
1.7.1 Manca’iinsa qabeenyaa fi kunuunsa isaa
A/manca’iinsa bosoonaa (Deforestation)
Bosoonni uumamaa sababa adda addaatiin manca’uu danda’a. Omishni cilee fi mukni boba’aaf oolchu sababa isa tokkaaffaati.Dabalataan lafa qonnaa haaraa argachuuf, lafa margaatiif, ijaarsa manaa fi meeshaalee adda addaaf bosoonni nimanca’a. Ciramni bosoonaa ennaa bakka osoo hin buusiin gaggeeffamu manca’iinsaa bosoonaa fida.Karaa biraatiin, guddinni lakkoofsa uummataa, qubannaan uummataa fi to’annaan ala magaaloomuun manca’iinsa bosoonaaf sababa ta’uu danda’u. Miidhaan kanaa immoo jijjiirama qilleensaa naannoo, hir’achuu lubbuu qabeeyyii garagaraa, baballachuu gimmoojjummaa, dabaluu hanga kaarboohaydireetii qilleensa keessaaf karaa bana.
B/Harama biyyee (soil degradation)
Gocha

  1. Harama biyyeef sababoota gurguddo tarreessi

2.Humnoonni harama biyyee naannoo naannooti garaagarummaa qabu?Addaan baasi ibsi.

Haramni biyyee kan uumamu yeroo saffisni uumama biyyee yeroo saffisa haruu humnoota biyyee mancaasanii gadi ta’edha.Biyyeen humnoota kanneen akka bishaan, bubbee fi baqiinsa cabbiitiin nimanca’a.
Haramni biyyee qabattoota adda addaatii saffisuu ykn suuta jechuu danda’a.Qabattoonni kunniin humna haruu eejentootaa, haala teessuma lafaa, itti-fayyadamaa fi Kunuunsa lafaati.Qabattoota kana irratti cimanii hojjechuun sadarkaa harama biyyee xiqqeessuun ni dandaa’ama.Fakkeenyaaf, taa’umsi lafaa bu’aa bahiin yoo itti baay’ata ta’e daagalee adda addaa tolchuun taa’uumsa lafaa sirreessuun harama biyyee xiqqeessuun ni dandaa’ama.
Qabattoota harama biyyee saffisan keessaa dhiibbaa gudaa kan uumu haala itti-fayyadama lafaati.Kuns namoonni haala adda addaatiin biqiloonni akka manca’an gochuun lafti akka qullaati hafu taasisu.karaa biraatiin seeraan itti-fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e haramni akka saffisu ni taasisu.Fkn.Beeyladoonni yeroo dheeraaf iddo tokkoratti akka dheedan gochuu, lafa qonnaa haftee biqilootaatiin osoo hin huwwisiin qullaa kaa’uu fi k.k.f raawwachuu danda’u.
C/Baballachuu Gimmoojjummaa (Desertification)
Naannooleen hanqina roobaa qaban hundi gimmoojjii jedhamu.Gimmoojjummaan akka baballatuuf dhalli namaa karaa adda addaatiin sababa ta’uu danda’a. Isaanis:
 Seeraan ala itti fayyadama lafaa
 Qusannaa malee itti fayyadama bishaanii fi qabeenya bosoonaa
 Beeyladoota yeroo dheeraaf bakka tokko irratti bobbaasuu
 Hir’achuu gosoota lubbuu qabeeyyii
 Gocha dhala namaa adda addaa(itti-fayyadama konkolaataa,warshaalee,itti-fayyadama meeshaalee mana keessaa aara adda adda gadi-lakkisan)
Akkuma armaan olitti mul’dhatuti gimmoojjummaa addunyaaf sababni guddaan ilma namaa fi gochaalee ilma namaa waliin kan wal-qabatanidha.Kanaaf,furmaatni isaas ilmuma namaa harka jira.
Gocha
Mee hiryoota kee faana ta’uun hala kamiin ilmi namaa gimmoojjummaa addunyaa hir’isuu akka danda’u ibsi?

1.7.2 Hubannoo fi to’annaa faalamaa
Gocha
Barattootaa, Faalamni maal isinitti fakkaata? Muuxannoo fi beekumsa qabdan irraa ka’uun fakkeenyawwan faalamaa beektan tarreessuun ibsa itti kennaa.___________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

Faalamni hiikolee hedduu qabaatullee kanneen armaan gadii akka fakkeenyaati fudhachuun ni dandaa’ama
“Faalamni wantoota namaa fi naannoo irratti miidhaa geessisan gara naannootti gadhisuudha” (soper, Biological science)
“Faalamni geeddarumsa hin barbaachifne amala fizikaalaa, keemikaalaa fi baayolojikaalaa naannoo uumamaa irratti gochaalee ilma namaatiin dhufudha.Geeddarumsi kuns ilma namaa fi naannoo irratti miidhaa kallatti fi al-kallattii geessisudha”(Oxford dictionary)
Wantoonni faalama naannoo geessisan bakka ijoo lamatti qoodamu.Isaanis:
 Faaltoota baayolojikaalaa(Fkn.balfaa)
 Faaltoota miti-baayolojikaalaa(Fkn. xuraawwan Industrii,aara warshaalee)
Akaakuwwan Faalamaa
A/Faalama Bishaanii
Yeroo ammaa wantoota sadarkaa ol’anaan faalaman keessaa tokko faalama bishaaniiti. Qaamman bishaanii xuraawwan mana keessaa, industrii fi qonaan faalamuu danda’u. xuraawwan adda addaa bishaan keessatti ennaa gadhiifaman baakteeriyaa waliin bulbulamanii baay’achuun hanqinni oksijiinii bishaan keessatti akka uumamu taasisu.Kun immoo jireenya qurxummilee, ilbiisootaa fi raimmoowwaniif rakkisaa ta’a.
Xuraawwan warshaalee keemikaaloota kanneen akka liidii, merkurii,meetii fi ziinkii gara qaama bishaniiti gadhiifaman miidhaa cimaa bishan irratti geessisuu danda’u. Keemikaaloonni kanneen akka farra ilbiisootaa haroowwanii fi laggeen keessatti ennaa makaman bishaan faaluun jireenya lubbu qabeeyyii bishaan keessaa ni miidhuu.

B/Faalama qilleensaa fi rooba Asiidawaa
Faalama qilleensaa sababni ijoo gubaatii boba’aa fi cilee dhagaati.Aarri gubaatii cilee dhagaa fi boba’aa warshaalee,buufata humna elektriikaa,konkolaataa,xiyaaraa fi k.k.f keessaa bahu faalama qilleensaa uumuu gubbaatti gahee isa ol’aana qaba.Meeshaaleen adda addaa kunniin keemikaaloota miidha cimaa qaban akka “sulfer dioxid”, “carbon dioxide”, “carbon monoxide” fi k.k.f qilleensatti kan gadhiisanidha.Meeshaaleen mana keessaa kanneen akka Firiijii keemikaala “CFC” jedhamu gara qilleensaatti gadhiisuun faalama qilleensaa ni uumu.
Al-tokko tokko wantoonni qilleensa faalan kunniin qilleensa keessatti Oksijiinii waliin wal-nyaachuun keemikaaloota “Sulfuric acid” fi “carbonic acid” jedhamanitti jijjiiramuun Roobni asiidawaa akka uumamu ni taasisuu.
Roobni Asiidawaa baalli fi hiiddi biqilootaa hojii isaanii akka dhaaban gochuun dhuma irratti biqilaan tokko akka gogu taasisa.Miidhaawwan rooba asiidawaatiin uumaman heedduu ta’anillee kanneen ijoo akka armaan gadiitti tarreessuun nidandaa’ama
 Harawwanii fi laggeen asiidawaa akka ta’an gochuu
 Biqilootaa fi mukeen mancaasuu
 Faalama biyyee
 Meeshaaleen ijaarsaa akka tortoran gochuu
 Miidhaa heedduu lubbuu qabeeyyii bishaan keessaa fi lafa irraatti geessisuu
 Fayyaa ilma namaa irratti miidhaa adda addaa geessisuu( rakkoowwan sirna hargansuu,faalama nyaataa fi bishaan dhugaatii)
 Biyyee faaluun asiidawaa nitaasisaa
 Biqiloota faca’an miidhuun oomisha nihirrisa
C/Faalama biyyee
Faalamni biyyee gochaalee ilma namaa adda addaatiin kan uumamudha. Gochaaleen kunniin kanneen akka itti-fayyadama xaa’oowwan keemikaalaa oomisha qonnaa ol’guddisuuf itti fayyadamnu, meeshaalee pilaastikaa salphaati biyyee keessatti hin tortorne gatuu, qotiinsa irra deddeebii, qoricha ilbiisootaa,fi k.k.f dha.Faalamni biyyee amala keemikaalaa qofa osoo hin taane amaloota fizikaalaan biyyee jijjiiramuuti.

Gocha

  1. Kaadhimamaa Barsisootaa? Roobni asiidawaa biqiloota irratti miidhaa akkamii geessisu danda’a jettanii yaaddu? Gareen mariyachuu tarreessuu yaalaa ______________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
  2. Amaloonni fiizikaalaa fi amaloonni keemikaalaa biyyee maal fa’i? Irratti mariyachuun ibsaa._________________________________________________________________________________________________________________
    D/Faalamawwan gosa biroo
    Akaakuuwwan faalamaa olitti ibsamaniin alatti kanneen biroos nijiru. Isaanis:
     Faalama sagalee:sagaleewwan warshaalee, konkolaataa,xiyaaraa,beeyladootata manaa kanneen akka saree,daa’imman,raadiyoo,Teelevizynii,manneen muuziqaa fi k.k.f faalama sagaleef sababa ta’uu danda’u
     Arfiiwwan (radiations) adda addaa: Arfiiwwan aduu irraa fi mashinoota adda addaa keessaa bahan miidhaawwan akka kaansarii, dhukuba leekumiyaa, miidhama daa’ima garaa keessaa fi k.k.f uumuu danda’u. Arfiiwwan “x-ray” fi arfii niyukleeraa ilma namaa irratti miidhaa geessisuun beekamanidha.
    To’annaa Faalamaa

Gocha
Barattootaa, faalamni qilleensa akkamitti to’atamuu danda’a? Mee muuxannoo fi beekumsa qabdan irraa ka’uun haala faalamni adda addaa to’atamuu danda’u tarreessaa_______________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

Faalamni tooftaa adda addaatiin to’atamuu danda’a.Tarkaanfileen arman gadii faalama to’achuu keessatti shoora ol’anaa qabu
 To’annaan faalama adda addaa itti-fayyadamummaa qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo gidduutti madaalamaa ta’uu qaba.
 Seeroota eegumsa naannoo cimaa fi tola ooltummaa hawaasaatiin itti-fayyadamaa fi eegumsi wal-madaalaa akka ta’u socho’uun murteessaadha.
 Kunuunsi ykn eegumsi naannoo itti-fayyadamummaa hawaasaa malee akka hin mirkanoofne hubatamuu qaba.
 Qorannoowwan adda addaan konkolaataawwan motorri isaanii aara gadi-aanaa gadhiisan kalaqamuu qabu.
 Aarri warshaalee adda addaa keessaa bahu to’atamuu qaba.
 Itti-fayyadamumman teeknoolojiiwwan haaraa qilleensa hin faallee (fkn. humna aduu, humna qilleensaa fi bishaanii) jajjabeefamuu qaba.
 Meeshaaleen Pilaastikaa meeshaalee biyyee keessatti bullaa’uu dandaa’aniin bakka buufamaa qabu.
 Xaa’oowwan keemikaalaa fayyadamuurraa kanneen uumamaatti(Organic) fayyadamuu
Kunuunsaa fi eegumsa
Kunuunsaa fi eegumsi tooftaalee lamaan qabeenyi uumamaa umurii dheeraaf akka tajaajilu itti taasifamudha. Kunuunsi adeemsa itti-fayyadamumaa hawaasaa waliin qabeenya uumamaa yeroo dheraaf tursuu ennaa ta’u eegumsi garuu qabeenyi uumamaa rakkoo keessa jiru tokko hanga gahumsaan argamutti itti-fayyadamummaan ala gochuudha.
Kunuunsi yeroo hedduu qabeenya uumamaa salphaatti haroomsamaniif gorfamudha.Adeemsa kunuunsaa keessatti hawaasni tokko qabeenya uumamaa naannoo isaatti argamu sirnaan iti fayyadamaa akka hin mancaane itti taasisudha. Eegumsi garuu yeroof itti fayyadamuun ala gochuun paarkiwwanii fi dacheewwan eegumsaa moggasuun akka tasuma hin badne taasisuudha. Sanyii biqilootaa,gosoota bineensootaa,bakkeewwan seenaa qaabeeyyii,albuudoota hin haroonsamne fi k.k.f rakkoo keessa jiran kunuunsuurra eeguutu irra caala filatamaadha.

Gocha

  1. Manca’iinsi bosoonaa fi faalama bishaaniitiin miidhaa akkamiitu uumamuu danda’a? Fakkeenyaaf, xuraawwan warshaalee bishaan lafa keessaa ennaa faalan?
  2. Bineensooni bosoonaa gochalee ilma namaa akkamiitiin badu ykn godaanu?
  3. Roobni aciidawaa akkamitti uumama?
  4. Muuxannoo naannoo keessan irraa ka’uun akkaataa qabeenyi uumamaa itti kunuunfamu barreeffama gabaabaa qopheessuun dareef dhiyeesi.

Meeshaalee irra deddeebiin fayyadamuu (recycling materials)
Meeshalee irra deddeebiin fayyadamuun tooftaalee kunuunsa qabeenyaa keessaa tokkodha. Balfaawwan naannootti gataman miidhaa isaan geessisaa jiran akka salphaati ilaalamu miti.Keessattuu balfaawwan pilaastiikaa miidhaa isaan geessisan hanga hin jedhamu. Rakkoo akkasiif furmaatni tokko haaroomsanii irra deebiin itti- fayyadamuudha.
Fakkeenyaaf, meeshaalee pilaastiikii gara naannootti gatuuf jennu biqiloota fa’aa keessatti dhabuun, meeshalee adda addaa irraa tolchuun, kuusanii warshalee hojii deebisanii oomshuu irratti bobbaa’anitti gurgurachuu fi k.k.f raawwachuun naannoon akka hin faalamne gochuu dandeenya.Balfaawwan gara oomisha adda addaatti akka jijjiiraman hojjechuunis barbaachisaadha.Aadaa meeshaa al-tokko itti fayyadamne irra deddeebiin itti fayyadamuu dagaagfachuu qabna.
Gocha deebisanii faayidaa irra oolchuuti osoo hin ce’iin dura rakkoolee armaan gadii madaaluun barbaachisaadha

  1. Baasii irratti bahuuf jiru
  2. Gatii meeshaalee irra deebiin oomishamanii
  3. Qulqullina meeshalee irra deebiin oomishamanii
    Pilaastikii deebisanii fayyadamuu
    Deebisanii fayyadamuu meeshalee pilaastiikii haala adda addaatiin raawwatamuu nidanda’a. Pilaastikii deebisanii haaroomsuun pilaastiikii al-tokko fayyadamnee tajaajilaan ala ta’e warshaa keessatti baqsuun boca addaatiin ykn meeshaa birootti geeddaruun (Fkn.baaskeetii balfaan itti gatamu, teessoo pilaastiikaa,fi k.k.f) oomishanii baasuun nidandaa’ama.Pilaastikoota mukaa wajjin walitti makuun gara “clip board”tti jijjiiranii oomishuunis nidandaa’ama.
    3.8 Tarsiimoowwan kunuunsa naannoo Imaammata barumsaa fi leenjii keessatti ibsaman
    Gahee barnoonni qabu cimsuuf tarsiimoowwan qabxiilee ijoo lamarratti xiyyeeffatan imaammata barumsaa fi leenjii Itiyoophiyaa keessatti ibsamanii jiru. Tokkffaan, dhimmoonni kunuunsa naannoo sirna barnootaa keessatti akka hammataman gochuudha. Inni lammaffaa immoo dhimma hubannoo hojjettoota bulchiinsaa fi barsiisootaa cimsuuti.Taarsiimoowwan kunniin ennaa gara hidhaa (component) adda addaati ramadaman kanneen armaan gadii ta’u
    Hidhaa 1ffaa Barnoonni naannoo sadarkaalee barnootaa hunda keessatti xiyyeeffannaa ol’aana akka argatu gochuu
     Meeshaalee barnoota naannoo sirna barnootaa deeggaran oomishuu
     Barnoota naannoo adeemsa baruu barsiisuu keessatti hammachiisuu
    Hidhaa 2ffaa Hubannoo barsiisootaa fi hojjettootaa cimsuu
     Miidiyaalee ammayyaa kanneen akka Teelevizyiinii fi Raadiyootti fayyadamuun hubannoo kunuunsa naannoo dadammaqsuu
     Leenjii hojiirraatiin hubannoo eksipartootaa fi barsiisootaa dagaagsuu
     Gumiiwwan kunuunsa naannoo manneen barnootaa keessatti ijaaruun hubannoo fi dandeettiiwwan barattootaa cimsuu

Gocha
Imaammataa fi tarsiimoowwan barnoota naannoo armaan olii irratti hundaa’uun gaheen barsiisootaa maal fa’aa ta’uu qaba jettu?Gareen irratti mariyachuun tarreessuu yaalaa.



Qabxiileen armaan gadii gaheewwan kunuunsa naannoo barsiisoonni sadarkaa mana barumsaati barsiisoon taphachuu dandaa’an kan agarsiisanidha.

  1. Odeeffannoowwan naannoo kunuunsuun walqabatan maddoota adda addaa irraa funaanachuun hawaasa mana barumsaa hubachiisuu
  2. Leenjiiwwan adda adda irratti hirmaachuun dandeettii fi beekumsa dhimmoota naannoo qaban cimsachuu
  3. Miidhagina mana barumsaa keessatti barattoonni akka hirmaatan gumii kunuunsa naannoo ijaaruun socho’uu
  4. Hawaasni mana barumsaa sochii kunuunsa naannoo keessatti akka hirmaatu dadammaqsuu.Fkn. daagaa tolchuu,biqiloota dhaabuu,mana barumsaa akka miidhagsan gochuu
  5. wajjiraalee qabeenyi uumamaa isaan ilaalatuu fi dhaabilee miti-mootummaa adda addaati siquun waliin hojjechuu yaaluu
  6. Agarsiisawwan sadarkaa magaalaatti gaggeeffaman adda addatti irratti hirmaachuun ergaa dabarsuu
  7. Marii paanaalii adda addaa qindeessuu barumsi ogeessaan deeggarame akka kennamu gochuu fi k.k.f

Shaakala

  1. Biyya keenya keessatti bineensootaa fi biqiloota akkamiitu sababa jijjiirama qileensaatiin lafa irraa baduuf saxilamanii jiru jettee yaadda?
  2. Barbachisummaa barnootni naannoo lammiif qabu ibsi?
  3. Tarsiimoowwan kunuunsa naannoo Imaammata barumsaa fi leenjii Itiyoopiyaa keessatti hammatam irratti yaada deeggaraa ykn komii qabdu ibsi?
  4. Sababoota faalama qileensaa fi bishaanii tarreessuun tooftaalee kunuunsa isaanii waliin dhiyeessi?
  5. Haallan barattoonnii fi barsiisoonni eegumsaa fi kunuunsa naannoo keessatti gahee isaanii gumaachuu dandaa’an tarreessi?
  6. Naannoo uumamaa kunuunsuu fi eeguu keessatti beekumsi aadawaa shoora maalii qaba? Shoora beekumsi aadawaa taphatu akkamitti dagaagsuu dandeenya?
  7. Amaloota barnoota dagaagina itti-fufiinsa qabu ibsi?
  8. Mana barumsaa ati gara fuuladuraati barsiiftu keessatti hirmaannaa fi kutannoo naannoo kunuunsuu fi eegsisuu gubbaatti qabdu addeessi?
  9. Walgahii ykn marii sadarkaa mana barumsaa fi hawaasaa keessatti dhimmoota naannoon walqabatee ghimmoota hubachiisuu qabdu ibsi?
  10. Gahee barnoonni naannoo miidhama naannoo hir’isuu gubbaati qabu sadii tarreessuun ibsa gabaabaa kenni?

Cuunfaa
Boqonaa kana keessatti yaad rimeewwan naannoo, hikkaa barnoota naannoo,akeekaa ,kaayyoowwanii fi bu’uuraalee barnoota naannoo ibsamaniiru.Haala dhimmoonni naannoo adeemsa baruu barsiisuu keessatti mariyatamanii kunuunsaa fi eegumsa naannoo keessatti hojiirra ooluu hubachiisuun yaalameera.Dabalataan dhimmoonni beekumsa aadawaa faalama qilleensaa,guddina walitti fufiinsa qabuu gadi fageenyaan ilaalamaniiru.Shoora barsiisaan kunuunsa fi eegumsa naannoo keessatti taphachuu danda’us qaama ibsaa boqonnaa kanaa ture.Yaad-rimeewwan boqonnaa kana keessatti ibsaman hundi kunuunsaa fi eegumsa naannoon walqabatee beekumsaa fi hubannoo kee cimsuuf dhiyaatanidha.Atis hubannaa xiqqaa argate kana kitaabilee adda addaa dubbisuu fi hiryoota kee faana irratti mariyachuun akka baballifatu abdiin jira.

Kitaabilee Wabii
Chung, F., and Ngara, F. (1985).Socialism, Education and Development: Challenge to Zimbabwe. Harare: Zimbabwe Publishing House.
Cole, G. A. (1990). Management, Theory and Practice.London: D. P. Publications.
Commonwealth Secretariat. (1998). Module 4: A Self-Study Guide for Serving Inspectors. London: Commonwealth Secretariat.
Farrant, J. S. (1991). Principles and Practice of Education.London: Longman.
The Federal Democratic Republic of Ethiopia: Education Sector Development Program IV (ESDP IV) 2010/2011 – 2014/2015 2003 EC – 2007 EC
Gerstner, L. V., et al. (1994). Re-Inventing Education: Entrepreneurship in America’s Public Schools. New York: Dutton.
Hanson, E. M. (1979). Educational Administration and OrganisationalBehaviour.London: Allyn and Bacon.
Nebel, J. B, Wrigt T. R. (2000). Environmental Science: the way the world works. Six edition, Prentice Hall. Upper Saddle River, New Jersey
Harris et al. (1978).Curriculum Innovation. London: Croom Helm.
Horton, P. B., and Hunt, C. L. (1984).Sociology: Social and Cultural Change (6thed.). London: Longman.
Lawton, D. (1973). Class, Culture and the Curriculum. London: Routeledge and Kegan Paul.
Main, A. (1985). Educational Staff Development. London: Croom Helm.
Owens, P. (1979). Planned OrganisationalBehaviour.Toronto: Harper and Row.
Stoner, J. A., and Wankel, C. (1986).Management (3rd ed.). Englewood Cliffs, NJ: Prentice Hall.
Wright, F. J., and Randal, F. (1975).Basic Sociology (3rded.). London: M. and E. Handbooks

Boqonnaa Afur

Barnoota Fayyaa fi Sirna Nyaataa

          Seensa Boqonnaa

Dhimmoota imaammata barnoota Itiyoophiyaa keessatti murteessoo ta’an keessaa dhimmi barnoota fayyaa fi sirni nyaataa isa tokkodha. Sababni isaas fayyaa fi sirni nyaataa gaarii ta’e dandeettii sammuu fi adeemsa barachuu keessatti dhimmoota baay’ee murteessoo ta’anidha. Wayita turtii umurii mana barumsaatti nyaataa fi fayyaa gaarii daa’immanii mirkaneessuudhaan firii barnootaa fi hirmaannaa barattootaa fooyyessuun ni danda’ama. Daa’imman yeroo hedduu akka uumamaan fayyaalessa ta’anitti ilaalamu. Haata’u malee, akka qorannoowwan mul’isanitti, daa’imman hedduun hojjaadhaan kan hin daggagne, dadhaboo fi hanqinoota adda addaatiif kan saaxilaman akkasumas dhibeewwan akka raimmoolee, garaa kaasaa, dhibee ijaa (trachoma) fi kanneen birootiin ni hubamu. Haallen bal’inaan mul’atan kun immoo hir’ina dandeettii yaad-sammuutiin wal qabata.
Daa’imman fayyaalessii fi nyaata gahaa argatan mana barnootaa keessa yeroo dheeraaf turuu danda’au; baay’ee baratu; akkasumas ga’eessota fayya-qabeessaa fi dandeettii oomishtummaa qaban ta’anii guddatu. Sadarkaa umurii mana barumsaatti, rakkoolee sirna nyaataa fi fayyaa daa’immanii furuun dandeettii barachuu fooyyessuuf gahee guddaa taphata. Kanarraa ka’uun, sirni nyaataa, fayyaa fi barnootni utubaawwan sadan dagaaginaati jechuun ni danda’ama.
Kanaafuu, manneen barnootaa fi hawaasa bal’aa keessatti rakkoolee fayyaadhaan wal qabatan furuuf barnoonni gahee ol aanaa waan taphatuuf, barsiisonni dhimmoota barnoota fayyaa fi sirna nyaataa irratti beekumsaa fi ogummaa bu’uuraa qabaachuu qabu. Boqonnaan kun dhimmoota sirna nyaataa, fayyaa fi barnoota fayyaa, hariiroo isaanii fi akkaataa itti jireenya fayyaa fiduun danda’amu irratti xiyyeeffata. Duraan dursinee hiikaa jechoota ijoo boqonnichaa ilaalla.

Kaayyolee Boqonnaa
Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtoonni:
 Yaad-rimeewwan sirna nyaataa, fayyaa fi barnoota fayyaa ni hubatu;
 Dhiibbaa hanqina nyaataa barnootaa fi barachuu irratti qabu adda ni baasu;
 Malleen jireenyaa fayya-qabeessa ofii fi barnoota barsiisan keessatti ni shaakalu;
 Yaad-qalbiiwwan dogoggoraa barattootaa irratti hojjechuuf dandeettii ni gabbifatu;
 Walitti dhufeenya sirna nyaataa gaarii, fayyaa gaarii fi barnoota gidduu jiru adda ni baasu,

4.1. Barbaachisummaa fi walitti dhufeenya Sirna nyaataa, Fayyaa fi Barnootaa
Leenjifamtootaa! Waa’ee nyaataa, fayyaa fi barnoota fayyaa barachuun maal isin fayyada? Muuxannoo qabdanii fi ilaalcha keessan irratti hundaa’un walitti dhufeenya dhimmoota kanneenii ibsaa.


Haala gaariin akka ibsitan abdii qabna. Mee amma immoo barbaachisumma dhimmoota kana barachuu fi walitti dhufeenya isaan gidduu jiru ilaalla. Haala jiruu fi jireenya uummata biyya tokkoo fooyyessuuf qorannoowwanii fi mariiwwan adda addaa godhamaa tureera. Keessumattuu, bu’uuralee misoomaa babal’isuu, malleen omishtummaa guddisuu, imaammattoota (daldala, qonna, kkf), naannoo, fi kkf irratti wanti baay’een hojjetamaniiru. Waa’een barnoota sirna nyaataa fi fayyaa garuu dhimma dagatamedha jechuun ni danda’ama.
Akkuma armaan olitti ibasametti barnoonni fayyaa fi sirna nyaataa sadarkaa manneen barnootaatti kennamuun isaa biyyoota guddataa jiran keessatti guddinaa fi misooma amansiisaa fi itti fuffinsa qabu fiduu keessatti baay’ee murteessaadha.
Akkasumas, barnoonnii fi nyaatni dhimmoota walqabatanidha. Kana jechuun, nyaanni gaariin wayita daa’immummaa dagaagina fayyummaatiif baay’ee barbaachisaadha. Sadarkaan nyaataa daa’ima tokkoo dagaagina qaamaa qofa osoo hin taane, milkaa’ina firii barattootaa irrattis dhiibbaa guddaa qaba. Nyaatnii fi fayyaan gaariin hamma xiyyeeffannaa, dandeettii barachuu fi muuxannoo hirmaannaa barattootaa ni dabala. Qorannoowwan adda addaas akka mirkaneessanitti haalli fayyaa gaarii fi nyaata daa’immanii galmee manneen barnootaa (school enrolment), hordoffii fi dandeettii yaadachuu barattootaa ni fooyyessa.

Hariiroo nyaataa, fayyaa fi barnootaa

4.1.1. Barnootni Sirna Nyaataa Maaliif Barbaachisa?
Akkuma irra deddeebi’amee ibsame, barnoonni, nyaatnii fi fayyaan dhimmoota misoomaa fi guddina dinagdee hawaasa tokkoo saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabu. Barnoonni sirna nyaataa tarkaanfii (intervention) haaraa ta’ee sirna nyaataa fi filannoowwan mala jireenyaa ilaalchisee beekumsa, ogummaa fi kaka’umsa kan gonfachiisu dha.
Dhiyeessi nyaataa gahaan jiraatus jiraachuu baatus uummanni itti fayyadamaa fi qulqullina nyaataa irratti hubannoo gahaa qabaachuun dhimma baay’ee murteessaa ta’e dha. Kun immoo leecalloo qabanitti sirnaan fayyadamanii nyaata gosa adda addaa fi qulqulluu akka argatan gochuudhaan gaarummaan nyaataa akka mirkanaa’u taasisa. Nyaatni gahaa fi qulqulluu akka ta’uuf immoo maatiin qabeenyaawwan ittiin nyaata oomishanii fi bitan gahaa qabaachuu isaan barbaachisa. Dabalataanis, gosoota nyaataa fayyaa gaariif gumaachan, akkasumas fedhii fi dandeettiiwwan ittiin nyaata filatan, maatii kunuunsanii fi nyaachisan irratti hubannoo argachuu isaan barbaachisa.
Egaa, barnoonni nyaataa fi sirna nyaataa eeggannoo nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphata jechuudha. Keessumattuu, maatiiwwan hiyyeeyyiif naannoo irraa nyaata qulqulluu argachuuf akka danda’an filannoo gaarii uuma. Barnoonni nyaataa gahumsa qabu dhibeewwan nyaataan walqabatanii biyyoota hedduu keessatti mul’ataa jiran ittisuufis baay’ee barbaachisaadha.
Gocha
Qabxiilee armaan olitti ibsaman irratti hundaa’uudhaan gaaffilee armaan gadii deebisi.

  1. Barnoonni sirna nyaataa maal?
  2. Walitti dhufeenya sirna nyaataa, fayyaa fi barnoota gidduu jiru bal’inaan ibsi.
  3. Beekumsii fi shaakalli barnoota sirna nyaataa gahumsa qabu guddina hawaasaa keessatti maal gumaacha?

4.1.2. Manneen Barnootaa irratti Hojjechuun Maaliif Barbaachisa?
Manneen barnootaa bakka dagaagina barnoota sirna nyaataati. Manneen barnootaa bakka malleen jireenya (life style) hawaasaa itti dagaagu dha. Daa’imman wayita umurii mana barumsaa irra jiran walitti dhufeenya barattoota biroo, barsiisota, maatii fi hiriyoota isaanii wajjin taasisuudhaan dagaagina amalaa agarsiisu. Daa’imman kanniin irratti maatiin, hawaasni, miidiyaa fi manneen barnootaa dhiibbaa geessisu. Kanaafuu, manneen barnootaas qaama wal hidhatiinsa (network) qabattoota ilaalchaa fi haala nyaataa qaruu irratti dhiibbaa geessisan keessaa isa tokoo jechuudha.
Akkasumas, manneen barnootaa nyaata fayyaalessa jajjabeessuuf bakka baay’ee murteessaa ta’e dha. Sababni isaa:
 Waggoota baay’eedhaaf bifa idilaawaa ta’een barattoota hedduudhaan wal quunnamu;
 Dhaloota haarawaa gara bilchinaatti qajeelchuuf itti gaafatamummaa qabu. Gaheen sirna nyaataa jireenya fayya qabeessa guutuu ta’eef murteessaa waan ta’eef barnoonni sirna nyaataas qaama itti gaafatamummaa kanaati;
 Daa’imman barsiisuu fi gorsuuf ykn qajeelchuuf humna namaa gahumsaan qabu;
 Umurii baay’ee murteessaa, yeroo daa’imman keessatti ilaalchii fi fedhiin nyaataa uumamutti barattoota qaqqabu;
 Sagantaa nyaataa manneen barnootaatti of eeggannoo fi shaakala nyaataatiif carraa ni kennu;
 Imaammatawwan manneen barnootaa fi raawwii hundeessuu danda’u; fkn. Leecalloowwan qulqullinaa, seerrawwan harka dhiqachuu, kkf kanneen fayyummaa nyaataa fooyyeessan;
 Maatiiwwan barnoota sirna nyaataa daa’immanii keessatti hirmaachisuun bu’aa isaa babal’isuu danda’u;
 Hirmaannaa hawaasaaf riqicha ta’uu danda’u. fkn, piroojektiiwwan qonnaa manneen barnootaa ykn mana bashannanaa mana barumsaa ykn karaa koreewwan adda addaatiin ta’uu danda’a;
 Barnoota sirna nyaataatiin cinaatti nyaata gatii madaalawaan dhiyeessuu danda’u.
Keessumattuu, manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa barnoota sirna nyaataaf daandii mijaawaadha. Wayitii daaimman shaakala nyaataa eggalanutti isaan qaqqaba. Qaama hawaasaa lakkoofsaan bal’aa ta’e, keessumattuu, shamarran yeroodhaan barnoota dhiisan bira gahu.
Kana caalaa immoo barnoonni sirna nyaataa salphaa, gammachiisaa fi miidhagaa haala salphaa ta’een tooftaa hojjetanii agarsiisuutiin, fakkiidhaan, fakkeenyaa fi gocha qabatamaadhaan (malleen barnoota sadarkaa tokkoffaaf mijatuun) barsiifamuu danda’uudha.
4.2. Soorata Gaarii
Leenjifamtootaa! Beekumsa baayoloojii irratti hundaa’uun maalummaa nyaataa ibsaa. _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Nyaata ykn dhangaa tokkoon akkamitti gaarii ykn madaalamaa jechuu dandeenya?


Nyaatni jireenyaaf barbaachisaa akka ta’e beekamaadha. Garuu, nyaatni maal? Namoonni baay’een sababa beela’aniif nyaatu. Beelli akka nyaatan itti kakaasa malee maal akka nyaatan itti hin himu. Dhangaa gaariin maal?
Waa’een nyaata gaarii yemmuu ka’u, waa’een hammaa fi qulqullina dhangichi qabatuu yaaduun keenya hin oolu. Kana jechuunis, dhangaan gahaa, guutuu fi qulqullinni isaa kan eegame ta’uu qaba. Hiikaan dhangaa gaarii garuu kanarra caala. Dhangaalee guutuu hedduminaan argachuuf nyaata gosa adda addaa guyyaa guyyaan nyaachuu nu barbaachisa. Akkasumas, nyaata nyaannutti gammaduu fi nyaata nyaannuun hawaasa biratti fudhatamummaa qabaachuun baay’ee barbaachisaadha. Kun fayyaa keenya eeguuf hedduu gumaacha.

Hiikaa Jechoota bu’uuraa yaadachuuf

Dhangaa: nyaata namni tokko guyyuu nyaatu
Nyaata hin madaalamne: nyaata sirrii hin taane ykn nyaata hamma barbaadamuu ol ykn gadi nyaatame.
Hanqina nyaataa: nyaata hanga barbaachisuu gadi nyaatame.
Nyaata madaalamaa: nyaata hangaanis ta’ee adda addummaadhaan nama tokkof barbaachisu.

4.2.1. Nyaatni maaliif nu barbaachisa?
Nyaata madaalamaa hin nyaannu yoo ta’e, maal taana?


Jiraachuuf nyaanni akka nu barbaachisu beekamaadha. Fayya-qabeessa ta’uuf, nyaata gosa adda addaa fi sirriitti eegame nyaachuu qabna. Nyaata gahaa malee daa’imman gara ga’eessa fayyaalessaa fi rakkoo hiikuu danda’uutti guddachuu hin danda’an.
Kana malees, nyaata hangisaa sirrii ta’e nyaachuu qabna. Nyaata hanga barbaachisuu gadi ykn hnga barbaachisuu olis nyaachuun fayya-dhabeessa nu godha. Nyaata gar-malee nyaachuun coomni qaama keenya keessatti akka kuufamu gochuudhaan dhibeewwan hamaa garaagaraa kanneen akka dhibee furdina gar-malee, dhibee onnee fi shukkaaraaf nu saaxiluu danda’a.
Nyaatni anniisaa sochii qaamaaf, guddinaa fi faayidaalee bu’uuraa qaamaaf (hargansuu, ho’a to’achuu, sochii dhiigaa fi nyaata bulleessuu kkf) barbaachisu dhiyeessuuf nu gargaara. Akkasumas wantoota qaama keenya ijaaruuf barbaachisanii fi dhibee ittisan kennuufis ni fayyadu.
Gochaaleen ykn faayidaaleen adda addaa kun kan jiraachuu danda’an wantoota nyaanni of keessatti qabate (nutrients) irraati. Wantoonni kunniinis kaarboohaayidireetii, pirootiinii, coomaa, viitaaminii, albuudotaa fi bishaan qulqulluu fa’i. qaamni keenya pirootiinii fi kaarbohaayidireetii heddumminaan yemmuu barbaadan, albuudotaa fi viitaaminoota immoo muraasa barbaadu. Isaan kana keessaa baay’ee xiqqaa kan barbaachisan garuu qaama keenyaaf barbaachisoo ta’an (isaan malee haalaan hojjechuu hin dandeenye) ni jiru.
Gocha
Haala mijeessummaa barsiisaa keessaniitiin ykn barsiisaa baayooloojii ykn ogeessa nyaataa fi qulqullinaa (sanitation) quunnamuudhaan gaaffilee armaan gadii deebisuudhaan dareetti calaqqee dhiyeessaa.

  1. Sirna nyaataa jechuun maal jechuudha?
  2. Gosoota nyaataa akkamiitu madda akaakuuwwan nyaataa adda addaa ta’uu danda’u?
  3. Akaakuuwwan nyaataa kaarboohaayidireetii, pirootiinii, coomaa, viitaaminii, albuudotaa fi kkf of keessaa qaban tarreessaa.
  4. Akkamitti nyaata gaarii hojjechuun danda’ama?
    4.2.2. Nutireentotaa fi Faayidaa isaanii
    Leenjifamtootaa! Muuxannoo qabdaniin qaamni hojii isaa haalaan akka dalaguuf nyaata akkamii barbaachisa?

Gosootni nyaataa kun maaliif fayyadu?


Qonnaan bultoonni hedduun midhaan haala gaariin oomishuuf wantoota barbaachisan ni beeku. Biqiloonni wantoota guddinaaf isaan barbaachisan biyyoo keessaa al tokko tokko immoo xaa’oo irraa argatu. Haaluma wal fakkaatuun, ilmaan namootaafis yeroo gadameessa keessatti uumamanii eegalee guutuu bara jireenyaa isaanii nyaata keessaa wantoota adda addaa baay’inaa fi gosaan argachuu isaan barbaachisa.
Tokkoon tokkoon akaakuwwan nyaataa dalagaalee addaa qabu:
I. Kaarboohayidireetii fi coomaa
Akaakuuwwan nyaataa madda anniisaa isaan ijoodha. Qaama keenya keessaa kaarboohaayidireetii fi coomaan naannoo dhibbeentaa 50 kan ta’an ni gubatu ykn anniisaa qaamni barbaadu oomishuuf caccabuudhaan qaamni keenya dalagaalee isaanii akka raawwatan godhu. Kan hafan immoo qaama ijaaruu fi guddisuuf akkasumas tishuuwwan haaressuuf oolu. Coomni (fats) keessumattuu anniisaa kennuudhaan dachaa lama kaarboohayidireetii fi pirootiinii caalu. Kana malees, qaamni viitaaminiitti (keessattuu viitaamin “A”) akka fayyadamu gargaara.
II. Pirootiinii
Maashaalee, dhiiga, gogaa, qaamolee, lafeewwanii fi tishuuwwan ijaaruu fi suphuuf barbaachisu. Pirootiiniin daa’immanii fi dubartoota ulfaa fi hoosisaniif hedduu barbaachisa. Kana malees, pirootiiniin akka inzaayimootaa fi hormoonotaattis qaamni keenya dalagaalee bu’uuraa akka raawwataniif barbaachisaadha.
III. Viitaaminootaa fi albuudota
Isaan kun nutireentota xixiqqaa (micronutrients) jedhamu. Hanga kaarboohayidireetii fi pirootiinii heddumminaan fudhachuun barbaachisaa yoo hintaanes, qaama keenyaaf barbaachisoodha. Qaamni keenya dalagaalee isaanii haala gaariin akka hojjetanii fi fayyaalessa akka ta’an gargaaru. Tishuuwaan daa’immanii suphuu fi dagaagina fayyaalessa, guddina sammuu fi dhibeewwan ittisuuf murtessoodha. Albuudonni tokko tokko qaamolee tishuu ta’anii argamu. fkn. Kaalshiyeemii fi filooraayidiin lafee fi ilkaan keessatti, ayireeniin immoo dhiiga keessatti argamu. Nyaatni qaamaaf heddumminaan fudhachuu hin barbaachifne kun kanneen akka vitamin “A” ayireenii fi ayoodiinii nyaata daa’imman huqqatoo keessaa hir’atanii argamu.
IV. Faayibaroota (fibers)
Qaamni dalagaalee idilee isaa akka raawwatu gargaaru. Akkasumas, kaanserii mar’immanii, fi dhibeewwan onnee ittisuu keessatti gahee guddaa qabu. Nyaatni faayiberiin gabbate bishaan qabachuudhaan rakkoo gogiinsa qaamaa fi saffisa bobbaan mar’imman keessa darbu dabaluun kaanserii mar’immanii ittisuu irra darbee naannawaa bullaa’insa nyaataa qulqulleessuudhaan wantoota dhibee kaanseriif sababa ta’an dhabamsiisu. Dabalataanis, faayiberoonni wantoota kolestiroolii oomishan wajjin walitti hidhachuun kolestirooliin dhiiga keenya keessatti akka hin baay’anne gochuun akkasumas rakkoo dhibee onnee salphisu. Faayiberoonni nyaata akka midhaan callaa guutummaatti, baaqelaa gogaa, muduraalee fi kuduraalee keessatti (dheedhii isaanii qola waliin yoo nyaataman) bal’inaan argamu.
V. Bishaan
Bishaan dalagaalee qaamaa walii galaa (wal nyaatiinsa dabalatee) keessatti gahee ol’aanaa taphata. Bishaan nyaata akka shorbaa, muduraalee fi kuduraalee akkasumas cuunfaa, aannan, foon, bishaan dhugaatii, fi dhugaatiiwwan biroo keessatti ni argamu. Bishaan keemikaalota hedduu bulbuluuf gaarii waan ta’eef, wantoota adda addaa qaama keenya keessatti geejjibuuf akkasumas wal nyaatiinsa gaggeessuuf ni tajaajila. Nyaata nuti nyaannu keessa oksijiinii fi nyaata adda addaa baachuufi qaama keessaa kaarboondaayioksaayidii fi wantoota xuraawoo karaa seeliiwwanii baasuuf ni tajaajila. Hormoonotaa fi inzaayimootas ni geejjiba; kutaalee qaamaa adda adda laaffisuudhaan dalagaa isaanii akka hojjetan ni gargaara. Ija keenya yemmuu liphsannu akka hin gogne bishaaniin eegamu. Kana malees bishaan gogaan akka lallaafu gochuu fi ho’i qaamaa sirrii akka ta’u taasisu. Sammuun hojii isaa akka raawwatus gahee guddaa taphata. Walumaagalatti, guutummaan qaama keenyaa bishaan barbaachisa.
Gosoota nyaataa armaan olitti ibsaman hunda qaamni keenya dalagaalee isaa haala gaariin akka raawwatuuf yeroo hundaa nu barbaachisu.

Gocha
Workshiittii
Woorkishiittii nyaataa armaan gadii faayidaa nyaatni qaaamaaf kennu, fakkeenya madda nyaataa fi dhibeewwan hir’ina nyaataatiin dhufan barreessuun eega xumurtanii booda gareen irratti mariyadhaa!
Gosa nyaataa
Faayidaa Fakkeenya madda nyaataa Dhibeewwan hanqina nyaataa
Pirootiinii
Kaarboohayidireetii
coomaa
Viitaaminoota
Ashaboolee fi albuudota

4.2.2. Fedhii Nyaataa
Fedhii Nyaata Gosa adda addaa
Nutireentota nu barbaachisan hunda argachuu keenya mirkaneeffachuuf tooftaa filatamaan nyaata gosa garaa garaa (variety food) nyaachuudha. Sababaan isaas adda addummaan soorataa fayyaa qaama keenyaaf baay’ee barbaachisaadha. Kana malees, sooratni qofaa isaa gaarii ta’e tokko akka hin jirre beekamaadha. Anniisaan nyaataa fi fedhiin soorata keenyaa yemmuu filannoowwan nyaata garaa garaa jiraatan nuuf guutuu danda’a. kuns garaagarummaa hedduu, aadaan kan wal simu, soorata fayyaalessaa fi qulqulluu ta’uu qaba. Fedhii anniisaa keenyaa guutuuf qofa nyaata baay’ee yoo nyaanne, gosoota nyaataa adda addaa nu barbaachisan dhabuu irraa kan ka’e dhibamaa ta’uu dandeenya. Kanaafuu nyaata gosa adda addaa nyaachuudhaan nutireentota hunda argachuu keenya mirkaneessuu dandeenya.
Guddachuu fi fayya qabeessa ta’uuf, nyaata gosa garaa garaa nu barbaachisa.
Gareewwan adda addaa fedhiiwwan adda addaa qabu
Namoonni adda addaa nyaata gosaa fi hanga garaa garaa barbaadu. Namoonni guddataa jiranuu fi kan biroo guddisaa jiran nyaata baay’ee argachuu isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, daa’imman, haadholiin ulfaa fi hoosisan keessumattuu yeroo hojjetanu ykn taphatanu akkasumas yemmuu dhukkubsatan nyaata baay’inaan argachuu isaan barbaachisa.
Wayitii gadameessa keessatti uumamanii eegalee hanga umurii naannoo waggaa sadi’iitti jiru yeroo dagaaginnni qaamaa saffisaan mul’atu waan ta’eef, wayitii dagaaginaa murteessaadha.
Dubartoonni ulfaa fedhii nutireeentii daa’ima guddatuu guutuuf nyaata qulqulluu dabalataan argachuu barbaachisa.
Haadholiin hoosisan aannan daa’imaaf barbaachisu oomishuuf anniisaa fi nutireentii dabalataa isaan barbaachisa.
Daa’imman xixiqqoon guddina gaarii, dagaagina sammuu fi dhibee dandamachuu dhugoomsuuf hanga nyaataa sirrii ta’e fudhachuu isaan barbaachisa. Daa’imni waggaa tokkoo gadi jiran annisaa hanga ulfaatina isaanii dacha argachuu barbaachisa. Harma hoosisuu qofti (ji’a jaha booda) fayyaa fi guddina gaarii argachuuf gahaa miti.
Daa’imman garaachi isaanii xiqqaa ta’uu irraa kan ka’e bakkatti nyaata baay’ee waan hin nyaanneef, nutireentota wantoota baay’ee of keessaa qaban (High concentration nutrients) nyaachuu isaan barbaachisa. Harma haadhaatti dabalataan guyyaatti si’a afurii hanga shanii irra deddeebiin nyaachuudhaan anniisaa fi nutireentii gahaa guddinaaf barbaachisuu fi fayya-qabeessa taasisu dhugoomsuun ni danda’ama. Hanga umuriin isaanii ji’oota 18 hanga waggaa lamaatti harma hoosisuu itti fufuu qabu.
Ol guddattoonni martinuu daa’imman mana barumsaa dabalatee, fedhii nyaataa guddaa garuu garaacha xiqqaa qabu. Kanaafuu, ammaa amma nyaachuu (yoo xiqqaate guyyaatti si’a sadii) isaan barbaachisa.
Maanguddoonni soorata gaarii kan fedhii nutireentii isaanii hunda guutan argachuu isaan barbaachisa. Isaan kun rakkoo addaa muraasa qabu. Furdina qaamaa qabaatanii sochii qaamaa gadi aanaa taasisu yoo ta’e, anniisaa baay’ee waan isaan hin barbaachifneef nyaata muraasa isaan barbaachisa. Rakkoo ilkaanii qabu yoo ta’e, nyaata haala salphaan alanfachuu hin danda’an. Kanaafuu, sooratni maanguddootaa irra caalaatti nutireentota xixiqqaadhaan (micro nutrients) kan gabbatee haala salphaa ta’een kan alanfatamu ta’uu qaba.
Dhukkubsattoonni yeroo hunda fedhii nyaataa waan hin qabneef, nyaata muraasa nyaatu. Nyaata hamma isaan barbaachisu dhabuu danda’u. Garaa kaasaan amma nyaataa nyaatame walakkaa hir’isuun rakkoo biroo uuma. Namoonni yemmuu dhibee daddarboof saaxilaman fedhiin nutireentii isaanii isa yeroo biroo caalaa ni dabala. Dhukkubsatoonni soorata miidhagaa, gar-malee kan hin baay’anne, nutireentii xixiqqaadhaan (micro nutrients) kan gabbate isaan barbaachisa.
Maatii keessatti fedhiin namoota dhuunfaa yeroo hedduu hin beekamu. Sababni isaa seera hawaasaa, hanqina yeroo, ykn dubbachuuf fedhii dhabuu ta’uu danda’a. hawaasa tokko tokko kessatti dhiironni nyaata baay’ee warra kaan dursanii yemmuu nyaatan dubartoonnii fi ijoolleen immoo haftee warra dhiirotaa nyaatu. Maatiin tokko tokko immoo ganamaan gara hojiitti bobba’uudhaan akka ijoolleen qofaatti of danda’an taasisu. Haallen kun dhimmoota ulfaatoo yoo fakkatan iyyuu faayyaa fi guddina daa’immanii irratti dhiibbaa geessisu taanaan furamuu qabu.

4.2.3. Dhiibbaawwan Hanqina Nyaata Madaalamaa
Namoonni yoo soorata madaalamaa hin arganne maal ta’u sitti fakkaata? Dhiibbaan isaa sammuu, hawaasummaa fi dinagdee irratti malee qaama qofaa irratti miti. Sooratni gahaa hin taane daa’imman guddina dhorka; qaama dadhabsiisa; dagaagina sammuu ni gufachiisa.
Waa’ee hanqina nyaata madaalamaa (malnutrition) yemmuu dubbannu jechoota adda addaa ilaaluun barbaachisaa dha:
 Maalnuutiriishinii: jecha walii galaa jeequmsa fayyaa sababaa nyaata gahaa dhabuu ykn gar-malee ykn humnaa ol nyaachuurraa uumamuu dha. Nyaanni baay’achuu (over nutrition) fi xiqqaachuu (under nutrition) ni dabalata.
 Beela (Hunger): sababaa hanqina nyaataa irraa kan ka’e fedhiin fiiziyooloojikaalaa fi saayikooloojikaalaa guutamuu dhabuu ibsa.
 Hir’ina nyaataa (Under nutrition): haalleen kamiyyuu sababaa hanqina nuutireentotaatiin ykn nutireentotni hanga barbaadamuu gadi ta’uun uumamuudha.

Daa’imman rakkoo maalnuutiriishinii qaban barnoota hordofuuf dadhaboo ykn immoo yeroo hunda waan dhukkubsataniif mana barumsaa keessatti argamuu dhiisuu danda’u. Haata’u malee, daa’imman maalnuutiriishinii salphaarra jiran ykn bu’aa isaa dhandhamuu jalqaban jiraachuu malu. Kanaafuu, barsiisonni yeroo hundaa mallattoolee kana gadii ilaaluu qabu:
Amala barachuu
 Xiyyeffannoon barachuu dhabuu;
 Dandeettiin yaadachuu dhibuu;
 Hubachuu dadhabuu;
 Hoj-manee hojjechuu dhabuu;
 Hojii hojjechuurraa boodatti hafuu.
Amaloota biroo
 Walitti aansuun hafuu;
 Qaana’uu; rakkoo hawaasummaa
 Obsa (boqonnaa) dhabuu;
 Aarii ykn jeequu.
Barsiisonni rakkoolee mul’atan yoo hubatan, qaam-dhimmamtoota adda addaa kaneen akka maatii, hojjettoota fayyaa hawaasaa kkf kakaasuudhaan fala kaa’uu danda’u. rakkoon maalnuutiriishiinii yoo jiraate, hubannoo barsiisotaa guddisuu fi to’annaa quubsaa gochuun gahee hojii tokkoon tokkoon manneen barnootaati.
4.3. Fayyaa fi Qulqullina
Dhibeewwan daddarboo hedduun, keessumatuu, garaa kaasaa fi dhibeewwan argansuudhaan wal qabatan, gifira, busaa, maxxantoota mar’mmaanii fi HIV/AIDSiin haala sirna nyaataa irratti dhiibbaa qabu. Qulqullinni dhabamuun immoo balaa dhibeewwanii haalaan ni babal’isu. Namni dhibee daddarboodhaan dhiphatu tokko akka walii galaatti fedhii nyaataa gadi aanaa qaba. Namoonni nyaata gahaa hin arganne, humna dhibee ittisu hin qaban. Yerooduma wal fakkaatutti immoo namoota dhibamaniif fedhiin nuutireentotaa hedduumminaan ni dabala. Keessumattuu, pirootiiniin sirna ittisa qaamaa keessatti elementii murteessaadha. Garaa kaasaan jiraannaan, nuutireentonni barbaachisan walakkaan isaanii ni bahu.
Haalli kun marsaa gadhee maalnuutiriishinii fi dhibeewwanii jedhama: dhibeewwan maalnuutiriishinii yemmuu jajjabeessan, maalnuutiriishiniin immoo dhibeewwan jajjabeessa. Kanaafuu, maalnuutiriishinii injifachuun dhibeewwan daddarboo ijoo injifachuu yoo ta’u, karaa gara biraa immoo rakkoowwan qulqullummaa dhibeewwan adda addaaf sababa ta’an furuudha.

4.3.1. Beekumsaa fi Kuunuunsa
Maalnuutiriishiniin maatii qabeenyaa fi nyaata gahaa qabu akkasumas maatii tajaajila fayyaa fi qulqullinaa argatu keessattis jiraachuu danda’a. kanaafuu, namoota rakkinichaaf saaxilaman kunuunsuuf beekumsaa fi dandeettii gahaa qabaachuu isaan barbaachisa.
Kunuunsi yeroo, xiyyeeffannaa fi deeggarsa hawaasaa fi maatii keessatti daa’immaniif godhamuu fi fedhiiwwan qaamaa, sammuu fi hawaasummaa immoo daa’mmaanii fi miseensota maatii biroof godhamu hunda hammata. Biyyoota guddataa jiran keessatti kunuunsi kun haadholii fi obbolaawwan dubaraatiin malee abbootiidhaan hin kennamu. Kunuunsi fedhiiwwan nyaataa adda addaa miseensota maatii hubachuu, nyaata qophaa’uu qabu ilaalchisee murtoo sirrii fudhachuu fi miseensotaaf dhiyeessuu, fi hanga nyaataa qophaa’uu qabu murteessuu hammata.
Kunuunsitoonni daa’imman kunuunsuuf, nyaata qopheessuu fi daa’ima nyaachisuuf yeroo gahaa qabaachuu isaan barbaachisa. Akkuma beekamu biyoota hin guddanne keessatti dubartoonni nyaata qopheessitootaa fi kunuunsitoota isaan ijoo dha. Akkasumas itti gaafatamummaan bishaan waraabuu, qoraan funaanuu, kuusuu, bituu fi gurguruu isaan irra jira. Waqtiilee gurguddoo qonnaa yeroo dubartoonni bakka hojii oolan fedhiin kunuunsaa fi yeroo yeroon nyaachisuu daa’immanii gahumsaan raawwachuu hin danda’u.
Beekumsi gochaalee fi yaadawwan hawaasa keessatti bal’inaan beekamaniin walitti hidhata. Al tokko tokko nyaatni barbaachisu utuu jiruu faayidaa isaa wallaaluu irraa kan ka’e osoo hin nyaatamin hafuu danda’a. kana jechuun nyaatni baay’ee gaarii ta’e tokko hawaasa biratti beekamtii dhabuu danda’a jechuudha. Barbaachisummaan nyaata adda addaa fi nyaata madalaamaa beekamuu dhiisuu danda’a. Haatii fi abbaan yeroo hundumaa daa’imman yoo quufan, waan haala gaariin nyaachifaman itti fakkaata. Haata’u malee nyaata nuutireentota barbaachisu hin qabne ykn gahaa hin taane ta’uu danda’a. Bakka hir’inni qabeenyaa jirutti iimmoo rakkoon nyaata qoqqooduu waan jiruuf dubartoonnii fi daa’imman eega miseensonni biroo nyaatanii booda nyaatu.
4.3.2. Fayyaa fi Akkaataa Jireenya Fayyaa
Maalummaa Fayyaa fi Dhibee
Leenjifamtootaa, kutaa kana osoo dubbisuu hin eegalin dura gaaffilee armaan gadii yaali. Waa’ee fayyaa yemmuu yaaddu, jalqaba maaltu sammuutti si dhufa? Kiliinika, nyaata gaarii, bashannana, dhibee, gammachuu moo maal yaadda?
Fayyaa akkamitti hubatta? Waa’ee daa’ima fayyaalessaa ykn dhibamaa yemmuu yaaddu maaltu sitti mul’ata – ilkaan gaarii, amala gammachiisaa, anniisaa, moo dadhabbii dha?
Fayyaan maal?


Siif namni fayyaalessi nama akkamiiti?


Namni dhukkubsataan hoo?


Maalummaa fayyaa yoo ilaaltu, waa’ee ittisaa ykn talaallii, mallattoolee qaama irratti mul’atan, ykan gabaabinaan dhibeerraa bilisa ta’uu yaaduu dandeessa ta’a. Akkasumas, gama saayikoolojikaalaatiinis daa’imni gammaduu fi fuula ifaa qabu fayyaa, isa gammachuu hin qabneen immoo dhukkubsataa jettee yaaduu dandeessa. Gama hawaasummaatiinis hariiroo namni tokko nama biroo wajjin qabuun wal qabsiistee yaaduu dandeessa ta’a. Egaa, waa’ee fayyaa ilaalchisee yaalii meedikaalaa irraa eegallee gara yaada bal’aa maalummaa fayyaatti deemna.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) yaad-rimee fayyaa akka armaan gadiitti bal’inaan ibsa:
“…fayyaan gaarummaa/fayyummaa haala guutummaa qaamaa, sammuu, fi hawaasumma fi dhibee irraa bilisa ta’uu dha” WHO Ottawa Charter (1986).
Waliin taphachuun, nyaata fayyaalessa filachuun, gochaalee hawaasummaa fi aadaa keessatti hirmaachuun, kkf mallattoolee fi ka’umsa fayyummaati. Miirri qaamummaa jireenya hawaasaa ofitti amanamummaa, gammachuu fi miira fayyummaa fiduuf barbaachisaa dha.
Gama biroom immoo, hawaasa irraa qoollifachuu ykn adda of baasuun qaamaan, sammuu fi hawaasumman dhibee hordofsiisuu danda’a. Hiikaan bal’aan fayyaa kun shaakalaa fi seerota sirna nyaataa irratti dhiibbaa baay’ee qaba.
4.3.3. Haalota Fayyaaf Bu’uura ta’an
Fayyaan yeroo mara to’annaa keenya jala ta’uu dhiisuu danda’a. kana jechuun, qabattoonni bu’uuraa fayyummaa irratti hirkatan ni jiru jechuudha. Isaan keessaa muraasni: nageenya, da’oo (mana), barnoota, galii, walqixxuummaa gita korniyaa, sirna ikkoo (ecosystem) dhaabbataa fi leecalloo itti fufiinsa qabu, kkf (WHO). Kana malees: dinagdee itti fufiinsa qabu, qulqullina gaarii fi faasiilitiiwwan fayyaa, dhibeewwan daddarboon dhibuu fi nyaatni gaarii fi gosa adda addaa jiraachuu, kkf itti dabaluun ni danda’ama.
Hawaasa kamiinuu keessatti, haallen bu’uuraa kunniin guutamuu dhiisuu ykn gahaa ta’uu dhabuu danda’a. Kun immoo fayyummaa hawaasaa fi kan nama dhuunfaa irratti dhiibbaa geessisa – qaama, sammuu fi hawaasummaa irratti.
Fakkeenyaaf, waraanni jireenya uummataa ni miidha; gargaarsa karaatti hambisa; hojii dhabamsiisa. Akkasumas sodaa fi gadda ykn yaaddoo uumuudhaan yeroo dheeraaf ykn gabaabaaf jireenya ni qora. Bu’uuraalee misoomaa kanneen akka mana yaalaa, daandii, fi kkf burjaajessuun walitti dhufeenya hawaasaa hir’isuu danda’a. Rakkoowwan dinagdees haaluma wal fakkaatuun miidhaa geessisa. Haaluma wal fakkaatuun biyyoota hedduu keessatti dhibeen HIV/AIDSii jireenya namoota dhuunfaa fi hawaasaa miidhaa jira.
Kanaafuu, waa’ee barnoota fayyaa fi sirna nyaataa naannoo keenyaa yemmuu yaadnu, qabattoota haalduree fayyaa daa’immanii hubanii fi rakkoolee kana furuu keessatti gahee barnootni taphatu yaaduun barbaacchisaadha.

4.3.4. Akkaataa jireenya fayyaalessa (Healthy lifestyle)
Maalummaan fayyaa qabattoota sammuu fi hawaasummaa hammachiisuudhaan bal’inaan ilaalleerra. Haal-dureewwan fayyaa fi qabattoota kanniiniis ilaaluuf yaalameera. Amma immoo fuula keenya gara waan amala dhuunfaa namootaatiin dhiibbaan irra gahuutti deebisuun haa ilaallu.
Jireenyaa namoota hedduu keessatti wantoota wal makaatu mul’ata: amaloota fayuummaa fi dhukkubaa, amaloota itti yaadamee ykn osoo itti hinyaadamin wal makaa mul’achuu danda’u.
Akkataa jireenya fayya-dhabeessa akkasiitiif fakkeenya ta’uu kan danda’u dhugaatii alkoolii akka malee, sigaaraa xuuxuu fi qaamaan dadhabaa ta’uu fa’i. Yaad-qalbiin quunnamtii korniyaa)a dhibee HIV fi dhibeewwan saal-quunnamtiin daddarban biroo, ykn ulfi hin barbaachifnes akkaataa jireenya fayyaalessa hin taaneef fakkeenya ta’uu danda’u. Kana malees, rakkoo walitti dhufeenya hawaasummaa, miirri gahumsa dhabuu fi sodaas fayyaa miidhuu danda’a.
Karaa gara biraa immoo, boca nafa ofii eeggachun nyaata sirrii nyaachuu fi wantoota sammuu adoochan fudhachuurraa of qusachuun, walitti dhufeenyi dhuunfaaa fi miirri ofitti amanamummaa fi milkaa’inaa, fi gochaaleen haawaasummaa cimsan akkaataa jireenya fayyaalessaaf hedduu gumaachu.
Yaad-qalbiiwwan kunniin hundi qaama hiikaa bal’aa fayyaa gaariiti. Fayyaan bu’aa wanta/qabata/ tokko qofaa miti. Qabattoota fayyaaf gumaachan keessaa tokko akkaataa jireenya fayyaa (health lifestyle) namaati – ida’ama yaad-qalbiiwwan/amaloota/ fayyaadhaan walitti hidhatan hundaati. Barnoota nyaataa keessa utuu jirruu yaad-qalbii keenya yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti uumuuf, jijjiiruuf ykn fooyyessuuf fedhii yoo qabaannee yaad-rimeen kun murteessaadha. Barsiisuu keenya beekumsarraa gara akkaataa jireenyaatti qajeelchina. Akkasumas raawwii hojii qorumsaa dhiifnee gara yaad-qalbii fi ilaalcha misoomsuun milkaa’uutti qajeelchina.
Hiikaa bal’aa Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa fayyaaf kenne yaadachuudhaan maalummaa akkaataa jireenya fayyaalessaa akka itti aanutti ibsuun nidanda’ama:
• Qaama – fayyummaa argachuuf wanta qaama keenyaan hojjechuu dandeenyudha.
• Sammuu – Fayyumma argachuuf wanta sammuu dalaguu dandeenyudha.
• Hawaasummaa – Fayyummaan milkaa’uuf wanta namoota biroo wajjin ofii keenyaaf, hawaasaaf ykn naannoof dalagnudha.
Karaa gara biraatiin immoo, fayyaan akkaataa jireenya fayaalessa irratti hundaa’a. nyaatni faayyaalessi qaama akkaata jireenya fayyaalessaati.
Nyaatni fayaalessi maal?


Nyaatni fayyaalessi waa’ee wanta nyaannuu jechuu miti. Nyaatni qaama akkaataa jireenya fayyaalessaati jechuun nidanda’ama. Tuuta yaad-qalbiiwwanii fi ilaalchawwanii fayyaa ofii fi namoota biroof gumaachaniiti. Yad-qalbiiwwanii fi ilaalchonni kunniin amaleeffannaa nyaataa, nyaata oomishuu, bittaa fi gurgurtaa, nyaata tursiisuu, nyaata qopheessuu fi rabsuu, qulqullina nyaataa fi yaadotaa fi miirwwan nyaataa kkf hunda hammata.
Hiikaa nyaata gaarii kana keessatti barnoonni sirna nyaataa wantoota kanatti aanan hammachuu danda’a:
• Ciree gaarii nyaachuu amaleeffachuu eegaluu;
• Nyaata gaarii gatii rakasaan bakka bitanuu beekuu;
• Nyaata qopheessuutti gammaduu;
• Sonawwan nyaataa barachuu;
• Obbolaa xixiqqoo harka dhiqachuu barsiisuu; kkf.
Dhibeewwan Hanqina Nyaataa
Nyaata hangaa fi gosa madaalamaa ta’ee yoo hin nyaanne, dhibeewwan hanqina nyaataatiin hubamna. Dhibeewwan hanqina nyaataatiif sababni guddaan nyaata hin madaalamne (malnutrition) dha. Maalnuutiriishiniin kan uumamu, yemmuu qaamni nyaata gosoota adda addaa gahaa dhabu ykn nutireentota muraasa hedduminaan argatu dha. Rakkoon akkasii kun namoota biyyoota industiriitiin misooman keessatti illee ni mul’ata.
Fakkeenyaaf, nyaata qabiyyee coomni itti heddummate ykn faayiberiin itti xiqqaate gar-malee nyachuudhaan dhibeewwan furdina (ulfaatina) hin barbaachifne, onnee, jeequmsa sirna bullaa’insaaf nama saaxiluu fi umurii jireenyaa gabaabsuu danda’a. Biiyyoota guddataa jiran keessatti maalnuutiriishinii fi rakkoon hanqina nyaataa ykn beelli humna ittisa dhibee dadhabsiisuudhaan rakkoowwan fayyaa qaqqabsiisa. Gabatee armaan gadii irratti dhibeewwan ijoo sababaa maalnuutiriishiniin dhufanii fi mallattooleen isaanii dhiyaataniiru:
Dhibee Mallattoolee Sababawwan (hanqina soorataa)
Rikkeetisii Lafeewwan laaffisuu fi jal’isuu (goobessuu)
Mallattoolee biroon: iita’uu lafee mataa, harrkaa fi ciqilee, garaa, lafee hojjaa miilaa, fi suuta deemuu dahabuu kkf.
Rikkeetisiin sababaa hanqina viitaamin D ykn hanqina ifa aduutiin dhufa. Aannan idilee fi aannan gabaa irraa bitamu viitaamin D gahaa of keessaa qaba.
Iskarvii Foon ilakaanii iita’uu fi dhiiguu, dhukkuba daddarboo dandamachuu dadhabuu.
 Gogaa fi qeensi jalli dhiiguu, miidhama tasaa fi madaa hin fayyine kkf.
 Mallattoolee biroon aarii dandamachuu dadhabuu, gubaa, fedhiin nyaataa hir’achuu, ulfaatinni hir’’achuu, kkf. Hanqina viitaamin C
Kuwaashirkorii
Fayyummaa dhabuu
 Maddiin furfuruu
 Garaan bokokuu
 Gogaan qooruu fii shuntuuruu
 Rifeensi jajjabaachuu fi daalachaawu (kuwaashirkoriin daa’imman huba)
Hanqina pirootiinii
Maarasmasii Ulfaatinni gar malee hir’achuu
 Baay’ee dadhabuu
 Guddinni dhibuu
 Garaa kaasaa (maarasmasiin daa\imman huba)
Hanqina nyaata waliigalaa
(beela)
Arguu dadhabuu (night blindness) Ifa dimimmisa keessatti ykn halkan arguu dadhabuu,
viitaamin A.

Quufa mormaa (goiter) Xannachi taayirooyidii iita’uu Hanqina ayoodiinii (ashaboo nyaataa)
Ayoodiiniin hormoonii xannacha taayirooyidii kan oomishu, taayirooksiinii of keessaa qaba. Ayoodiiniin yemmuu soorata keessaa dhabamu, xannachi pituutarii hormonii taayirooyidii gadi lakkisuudhaan xannachi taayirooyidii akka guddatu godha. Dhibee quufa mormaatiif sababoonni biros ni jiru.
Hir’ina dhiigaa (Anemia) Dunquqquuu, Dadhabbii, oksijiinii fudhacchuu dadhabuu Hanqina ayiranii

Gocha
Qo’annaa kee bu’a qabeessa gocchuuf, gaaffilee armaan gadii hojjedhu.

  1. Maalummaa fayyaa fi akkaataa jireenya fayyaalessaa jechoota mataa keetiitiin ibsi.
  2. Akka barsiisaatti, akkamitti jireenya fayyaalessa barattoota kee irratti fidda?
  3. Akka dhaabbata Fayyaa Addunyaatti, namni fayyaa jedhamu nama akkamiiti?
  4. Barbaachisummaan beekumsi kunuunsaa fi qulqullinaa barsisotaaf qabu maal?
  5. Dhibeewwan ijoo sababa hanqina nyaata garaagaraatiin dhufan tarreessi. Hojii Piroojektii
    Haala mijeessummaa barsiisaa keetiin mana barumsaa tokko deemtee daawwachuun himoonni armaan gadii mana barumsichaa keessa jiraachuu isaanii adda baafachuun daree keef gabaasa dhiyeessi.

Fayyaalessummaa naannoon mana barumsichaa Eeyyee Rakkoolee ykn sababawwan
Manni barumsichaa falaasama fayyaa fi nageenyaa dammaqinaan dhiyeessu niqaba.
Manni barumsichaa imaammata sirna nyaataa dammaqinaan dhiyeessu niqaba.
Dhimmoota sirna nyaataa irratti istaafiif leenjiin nikennama.
Manni barumsichaa naannoo gammachiisaa fi qulqulluu (faasiiliitiiwwan miiccaa, bishaan dhugaatii, meeshaalee nyaataa, kkf) niqaba.
Boroon mana barumsichaa maadda nyaataa, barumsa gaarii, fi bakka bashannanaati.
Miseensonni istaafii nyaata fayyaalessaa fi akkaataa jireenya fayyaalessaa irratti fakkeenyummaa gaarii qabu.
Dhimmoota sirna nyaataa irratti gochaaleen akka walii galaaatti mana barumsichaa hirmaachisan nijiru.
Manni barumsichaa dhaabbilee fayyaa naannootti argaman waliin nihojjeta.

Gudunfaa Boqonnaa
Boqonnaa kana keessatti, dhimmootni barbaachisummaa barnoota sirna nyaataa fi fayyaa, barbaachisummaa nyaata madaalame nyaachuu fi dhiibbaawwan isaan fayyaa fi barnoota irratti qaban bal’inaan dhiyaateera. Manneen barnootaa akkamitti akka waa’ee maalnuutiriishinii hubatanii fi maal gochuu akka qabanis ilaalamera. Dhiibbaawwan maalnuutiriishinii fi akkamiti furruun akka danda’amu, dhiibbaa barnoonni qabu, akkasumas barbaachissummaa sirna nyaataa gaarii manneen barnootaa keessatti barachuun qabus dhiyaateera.
Walumaagalatti, sooratni fayyaalessi kan hundaa’u seerota ykn akkaataa nyaata naannoo, nyaata naannootti argamuu danda’u, aadaa fi safuu nyaataa naannoo kabajuu irratti.
Sooratni fayyaalessi tokko:
 Yeroo hundumaa nyaata gosaa fi garee adda addaa hammata;
 Fedhii nyaataa namoota garee adda addaa ni guuta;
 Tuttuqa wantoota adda addaa kanneen akka summii, keemikaalotaa fi xurii adda addaa irraa qulqulluudha;
 Namoota hunda itkan gammachiisuu fi gama aadaa fi safuu hawaasaatiin kan mirkanaa’e;
 Gahaa fi waggaa guutuu kan argamu dha.

Xumura irrattis, maalummaa fayyaa fi akkaataa jireenya fayyaalessaa ilaaalchisee hiikni bal’aan saayikooloojikaalaa, amaloota nageenya hawaasummaa fi amaloota nageenya fiizikaalaa hammachiisuun kennameera. Haaluma kanaan, barnootni sirna nyaataa kan fayyaan jiraachuurratti xiyyeeffatu akka barnoota akkaataa ykn mala jireenyaatti ilaalamuu akka qabu fala kaa’a.
Wabii
Tull A. (2001): Food and Nutrition, oxford university press.
Hamilton, Whitney and Sizer. (1988), Nutrition: concepts and controversies; West Publishing Company
Project 1700: Health science module two, printed by ministry of Education: Addis
Ababa, 2001 .

BOQONNAA 5
Ogummoota Jireenyaa
Seensa
Kaadhimamaa/tuu barssiisaa/tuu!
Boqonnaan kun ogummaa jireenyaa irratti xiyyeefata. Ogummaan jireenyaa milkaa’ina sochii dhunfaafis ta’ee kaadhimamaa barsiisaaf jireenya gaarii jiraachuuf barbaachisaadha. Kanaafuu, hiika ogummaa jireenyaa irraa jalqabuun gosoota ogummaa jireenyaa kanneen akka of-beeku, quunamtii namoota wajjinii, dandeettii waa uumuu, rakkoo hiikuu, murtee kennuu karaa itti dhiphachuu to’annuu fi walitti bu’insa hir’isnu ibsuuf yaaliin godhama.
Mata dureen hunduu gaffilee deebiif kakaasanin jalqabu. Itti dabalaanis Gochoota addaa hojechuun akka shaakaltuuu ni taasisuu.
Kaayyoolee Boqonnaa kanaa

  • Yaad-rimee Ogummoota Jireenyaa ni hubatu;
  • Ogummooni jireenyaa haala itti adeemsa barumsaa saffisiisan ni dinqisifatu;
  • Gosoota ogummaa Jireenyaa ni tarreessu;
  • Hanqinaa fi cimina isaanii adda baasu;
  • Ogummoota namoota wajjin jiraachuu ni dagaagfatu;
  • Akkaataa itti rakkoo hiikan murtee kennanii fi walitti bu’iinsa hiikan ni hubatu.
    5.1 Hiika Ogummaa Jireenyaa hubachuu
    Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Muuxannoo kee irratti hunda’uun waa’ee ogummoota jireenyaa waan beektu ibsi.
    Ogummaa jireenyaaf hiika kennuuf yaaltee? Gaariidha! Addunyaa kana irratti hiikni ogummaa jireenyaa irratti waliigalamee tokko ta’e hin jiru. Ogummaa jechuun dandeettii ofii hojiiraa olchuudha. ‘Robbins’ fi ‘Honaker’ (1996) akka jedhanitii, Ogummaan siistama haaloota balaaf saaxilaman keessatti yaad-qalbii keenya hojiirra olchinuudha.
    Ogummoonni bakka lamatti qoodamu. Isaanis: Ogummoota hojii fi Ogummoota jireenyaati. Ogummoota hojii jechuun ogummota gosa hojii tokko hojjechuuf nu gargaaraniidha. Galii burqisiisuun ittiin mataa keenya bulchuuf nu gargaaru. Ogummonni kun leenjii fi barumsaan manneen barnootaa, kolleejjii fi yuniversitii keessatti argamu.
    Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu! Hiika kana irratti hunda’uun fakkeenyota ogummoota hojii tarreessi.
    Ogummaan jireenyaa, akka dhaabbata fayyaa addunyaatti, bu’aa bahii jireenyaa gara kuteenyaan keessa bahuuf of madaqsuun ykn yaad-qalbii qajeelaa agarsiisuun murteewwan sirrii ta’an dabarsuuf kan nu dandeessiisuudha.
    Of Madaqsuu- haaloota adda addaa keessatti yaadqalbii dhodhommoqu ykn gaggaragalu (flexable) agarsiisuun barbachisaa ta’uu agarsiisa.
    Yaad qalbii Qajeelaa: haala bu’aa bahii fi rakkisaa ta’e keessatti illee fuuldura keenya haala gaarii ta’een cululuqsinee ilaaluun barbaarchisaa ta’uu kan agarsiisudha.
    5.2 Barbaachisummaa Ogummoota Jireenyaa
    Hiika armaan olitti kenname irraa ka’uun barbaachisummaan ogummoota jireenyaa maal sitti fakkaata?
    Ogummoonni jireenyaa dagaagina dhala namaaf baayee barbaachisoodha. Sababni isaas:
  • Namni tokko mataa ofii wajjiin haala gaariin akka jiraatu godhu.
  • Ogummoota dhunfaa akka dagaagfatu godhu.
  • Hawaasaa fi namoota biroo wajjin haala gaariin akka jiraannu godhu.
  • Bu’aa bahii jireenyaa onneedhaan keessa darbuuf gargaaru.
  • Namoota biroo irratti currisa gaarii uumuuf gargaaru.
  • Murtee ofitti amanuun kennuu danda’uuf.
  • Wantoota rakkisoo gahumsaaf ciminaan furuuf.
  • Gahumsaan hawaasa keessatti dorgomaa ta’uuf
  • Amala gaarii qabaatanii isa gadhee dhiisuuf.
    Dimshaashumatti, ogummootni jireenyaa murtee gaarii kennuuf, rakkina hiikuufi gadi fageessani yaaduuf, waa uumuuf, namoota biroo wajjin hariiroo gaarii uumuufi jireenya foyyeesuun bu’a qabeessa akka taanuuf gargaaru.
    Gocha
  1. Ogummaa jechuun maal jechuudha?
  2. Ogummmaa jireenyaa fi ogummaa hojii gidduu adda addummaa maaltuu jira?
  3. Ogummaa jireenyaa jechuun maal jechuudha?
  4. Barbaachisummaa ogmmaa jireenyaa tarreessi.
  5. Ogummoota jireenyaafi ogummoota hojiif fakkeenya kenni.
    5.3 Gosoota Ogummaa Jireenyaa
    Muuxannoo keessan irraa ka’uun gosoota ogummoota jireenyaa mee tarreessaa
    Dhabbanni Fayyaa Addunyaa dhimmoota ijoo ogummoota jireenyaa kudhanitti haa qoodu malee, moojula kana keessatti sadiitti qoodnee ilaalla. Isaanis:
  6. Ogummoota of- beekuu fi ofii wajjin jiraachuu
    Leenjifamtootaa! of beekuuf yaalii gootanii beektuu? Maal jaalattu ?
    Maal jibbitu?
    Jabbinnii fi laafinni keessan maali?
    A. Of beekuu (Self-Awareness)
    Waan jaalattu, maaliif akka jaalatte waan jibbitu maaliif akka jibbite tarreesi ibsi. Ciminnii fi laafinni kee filannoo dhuunfaafi hojii kee irratti akkaataa itti dhiibbaa geessisu ibsi.
    Of-beekuun fiixaan bahiinsa gaarii galmeessuuf qofa osoo hin ta’in namoota biroo wajjin haala gaariin jiraachuufis nifayyada. Qorannoon akka agarsiisuutti namoonni fiixaan bahiinsa gaarii galmeessan kanneen ciminaa fi dadhabina isaanii adda baasanii hubataniidha ( D.Galeman 2004).
    Kaadhimamtootaa! Of-beekuu jechuun maal?
    Of-beekuun Si’aayina, waan nutti dhaga’amu, filannoofi, sansakka keenya irratti hubanoo qabachuun qabattotni kun immoo murteefi walitti dhufeenya namoota biroo waliin gonu irratti dhiibbaa qajeelaa fi faallaa qaban beekuudha.
    Of beekuun kanneen armaan gadii hammata:
    1)Yaad-rimee mataa ofii (self concept ) – Fakkaattii mataa keenyaaf hiika mataa keenyaan kenninnuudha. Akkaataa itti of madaalluudha. Kuns akkataa itti odeeffannoo bilcheessinu, si’aayina keenya, currisa keenya, madaalliifi dandeettii keenya irratti dhiibbaa qaba.
    2) Of- kabajuu (Self Esteem) ilaalchaa ofiif qabnuudha. Ilaalcha dandeettii, ogummaa, currisa, afaan, eenyummaa, sabummaa keenya itti madaalludha.
    Namni kabaja olaanaa ofiif qabu nama kabaja gadaanaa ofiif qabu irra fiixaan bahinsa gaarii galmeessa.
    3) Gahumsa mataa ofii (self efficacy) murtee fi dandeettii gocha tokko rawwanee fiixaan baasuuf qabnuudha.
    Ofiitti Amanuu (self confidence) dandeettii, beekumsa, filannoo, dubbii kkf keenya irratti amantaa guutuu qabachuudha.
    Faayidaa of-beekuun qabu:
  • Mataa keenya namoota biroo bira qabnee akka ilaallu gargaara.
  • Of-foyyeessuuf gargaara.
  • Galma bira gahuu dandeenyu qopheessuuf gargaara
  • Namoota waliin hariiroo gaarii uumuuf gargaara.
  • Namoota haala gaariin hogganuuf gargaara.
  1. Ogummaa Namoota Wajjin Jiraachuu (Interpersonal skill)
    Namoota biroo wajjin qunnamtii gaarii qabaachuun faayidaan isaa maal?
    Ogummotni namoota wajjin jiraachuu adeemsa hubannoo, odeeffannoo, beekumsaa fi muuxannoo wal jijjiiruun karaa qajeelaa ta’een hariiroo namoota biroo waliin uumnuudha. Namoota biroo biratti fudhatama akka qabanuuf onnachiisamnu godha.
    Ogummaa Quunnamtii
    Ogumman qunnamtii dandeettii afaanii fi mit-afaaniin (verbal and nonverbal ) karaa hawaasaan fudhatama qabuun of ibsuudha.
    Fayyidaaleen Ogummaa Quunnamtii
    1) Ofiif nama biroo hubachuuf
    2) Hariiroo faayidaa qabessa uumuuf
    3) Ilaalchaafi yaad-qalbii jijjiiruuf
    Qabxiiwwan Ogummaa Qunnamtii Foyyeessuuf gargaaran
    1) Fedhii fi gaaffii namootaa irratti hundaa’uun haala wajjin deemuun (flexible) ta’uun barbachisaadha.
    2) Yaadqalbii obsaan dhaggeeffachuu dagaagfachuu
    3) Waan namoonni barbaadan tilmamuuf yaaluu
    4) Iftoomina guddifachuu
    5) Jechoota ofii fakkeenya namoonni ifaan hubatanitti fayyadamuu
    6) Amantaa dhageffattootaa argaachuuf carraaqqii guchuu fi kkf.
    Gocha
  2. Mala gahee taphachuu fayyadamuun maatii barataan qabxii gadaanaa fidnaan aare qabbaneessuun gargaarsa gaarii muucaa isaaf akka godhuuf haala itti qunnamtee amansiistu ibsi.
    Akka ofiitti namaaf yaaduu (Empathy)
    Rakkina dhuunfaafi barumsaa sirra gahe barsiisaan akka rakkina isaatti ilaalee yoo si gargaare maaltu sitti dhagaahama?
    Fakkeenya nama rakkina kee hubachuu dadhabee si aarse tokko ibsi?
    Akka mataa ofiitti namaaf yaaduu jechuun namni tokko gochaa isaatiin rakkoo cimaan wayita isa quunnamu akka rakkoo ofii isaatitti ilaalee isaaf yaaduuf tattaafachuudha.
    Miiraa fi fedha namicha haasoofsiifnu beekuun quunnamtii bu’a-qabessa uumuuf gargaara. Mataa keenya bakka nama sanaa buufnee ilaaluun fedhii fi currisa isaa/ ishee hubannee quunnamtii gaarii akka uumnu gargaara.
    Kanafuu, rakkoo namaa bakka namoota sanaa of kaa’uudhaan wanta namoonni sun keessa jiran hubachuu fi danda’uun barbaachiisaadha.
    Yaadqalbiiwwan akka mataa ofiitti namaaf yaaduu armaan gadii quunnamtii gaariif gargaaruu.
  • Haala miira namootaa karaa barbaadameen tuquun dhaggeeffachuu
  • Duub-deebii ariifataa kennuu.
  • Yaadqalbii akka mataa ofiitti namaaf yaaduu qabaachuun hiriyaa hedduu akka horannu taasisa
  • Namoota biratti fudhatama akka qabaannu godha.
  • Iftoomina dagaagsa.
    Ogummoota yaad sammuu
    A. Ogummoota rakkoo hiikuu
    Bu’aa bahiiwwan jireenya kee keessatti si quunnaman akkamitti furta?
    Dandeettii rakkoo hiikuu gadi fageessanii yaaduu barbaada sitti fakkaata ?
    Ogummaan rakkoo hiikuu ogummaa rakkoo tokko addaan baasanii beekuu fi rakkoo sana irratti oddefannoo (ragaa) sassaabuudhaan qindeessanii yaada furmaataa dhiyeessuudha.
    Namoonni yoo rakkinni quunnamu kakaasa rakkina sanaa adda baasanii furmaata barbaaduu irra carraa isaanii akka ta’eetti ilaaluun of balaaleffatu. Beekumsa akkaataa rakkina hiikuu qabachuun rakkina karaa bu’a-qabeessa ta’een furuuf gargaara. Rakkinni deddeebi’ee yoo nu muudate dhiphina sammuu uuma.
    Rakkoolee nu quunnaman foyya’iinsaaf akka nu fayyadanitti ilaaluun obsaan keessa deddeebi’aani sakkatta’uun furuun barbaachisaadha.
    Toftaalee Rakkina hiikuu
    A) Rakkinichi akka dhaabbatu gochuu ykn haxawuun qulqulleessuuf yaaluu.
    I. Rakkinichi akka dhaabbatu gochuu: tooftaan kun rakkinichi gara fulduraatti akka hin jiraanne irratti hojechuun balleessuuf yaala. Tooftaan kun karaa sadiin hojiirra oolaa:
    1.1. Mala ittisuu: Rakkinichi akka hin uumamne inni uumames lammata akka hin deebine dhorkuudha.
    1.2. Mala Balleessuu: Rakkinichi haala lammata hin uumamneen dhorkudha.
    1.3. Mala Hir’isuu:- sadarkaa rakkinichi jiru irraa gadi buusuudha.
    II. Mala Haxaa’uun Qulqulleessuu
    Rakkinicha hidda isaa kutuuf yaaluu irra damee isaa sirreessuun furuuf tattaaffii gochuu. Kuns karaa sadii rawwata:
    2.1. Rakkinicha suphuun : balaa rakkinichi gessiseen iddoo hir’atetti guutuun bakka duraaniitti debisuuf yaaluu.
    2.2. Danda’anii bira darbuu: balaa rakkinichi fidu danda’uun obsaan keessummeessuu
    2.3. Gara biraatti Qiixa Qabsiisuu : rakkinicha dhodhomoqsaa, tufatanii darbaa wajjin jirachuu
    B) Akkata yaadnuu fi xiinxaluun rakkinicha furuu
    Akka toftaa kanaatti Sadarkaaleen Adeemsa rakkina hiikuu:
  1. Rakkoo jiru hubachuu, xinxaaluudhaan addaan baafachuu (Problem Identification)
  2. Rakkinicha irratti hojjechuuf karaa sirnawaa ta’e karoorfachuu.
  3. Odeeffannoo sassaabuun yaada dhugaa qabatamaan jiru waliin wal bira qabanii ilaaluu
  4. Akkaataa rakkinni itti hiikamu irratti yaada baayyee burqisiisuu. Rakkoodhaaf furmaata ta’uu kan danda’u dhiyeessuun odeeffannoo bu’uureeffachuun furmaata tilmaamuu.
  5. Furmaata dhiyaate keessaa isa caalaa odeeffannoon deeggarame filachuu.
  6. Rakkoo sanaf furmaata dhiyeessuu (kennuu)

Yaada waa uumuu (creative Thinking)
Waa’ee hojii namoota waa uumanii dhaggeesse beektaa? Tareessi mee? Waa uumuu jechuun maal jechuudha?
Akka galmee jechootaa saayikooloojii “Encyclopedic ” tti, waa uumuun waan duraan hin beekamne tokko argaachuudha ykn omishuudha. Karaa haarawaa ta’een wantoota ilaaluuf hojeechuu yoo ta’u xaabiyoota afur of keessaa qaba:
Yaada haaraa maddisiisuu, Haarawummaa(originality) yoo barbaachisaa ta’u jijjiiruuu (flexibility) yaada duraan jiru ijaaruun balisuu of keessatti qabata.
Gocha

  1. Namoonni akkamitti dandeettii waa uumuu dagaagfatu?
  2. Osoo barsiisaa taatee, dandeettii waa uumuu barattootaa akkamitti jajjabeessita?
    Amaloota namoota dandeettii waa uumuu qaban:
  • Aqilii ykn dagaagina sammuu olaanaa qabu.
  • Waantoota adda addaa wal qabsiisuu karaa haaraa yaaduu
  • Waan shakkisiisaa obsaan keessa bahu.
  • Galma barbaadan bira gahuuf si’aayina keessoo qabu.
  • Rakkoon jijjiiramaaf carraa akka ta’etti ilaalu.
  • Hojii fi ilaalcha qajeelaa qabu.
  • Fedhii bal’aa fi waa hubachuu uumamaa qabu.
  • Maalummaa ofii fudhachuun keessa isaanitiin qajeelfamu.
    Ogummoota murtee kennuu(Decision Making skills)
    Jireenyi keenya filannoowwan murtee barbaadan hedduun guutameera. Fakkeenyaaf, kophee bitannu, eenyuun akka fuunu (eenyutti akka heerumnu) ykn hiriyaa gaa’ilaa murteesina. Murtee kennuun adeemsa itti filannoowwan jireenyi nuu dhiyeessitu hedduu keessaa tokko filannuudha.
    Murtee kennuuf sadarkaalee keessa darbu qabu.
    1) Rakkinicha adda baasuun hiikaa kennuufi haala ifaa ta’een kaa’uu, wantoota hin barbaachifne balleessuu.
    2) Kakaasoota rakkinicha fidan irratti odeeffanoo bifa bifaan sassaabuun gurmeessuu.
    3) Odeeffanoo hin barbachifnee keessaa seca’uu
    4) Gahumsaa fi qulquilinni odeeffanoo funaaname murtee kennamu irratti dhiibba qabu xinxaluu
    5) Yaada furmaata ta’uu danda’an hunda tarreessuu.
    6) Bu’aa fi miidhaa murteen kennamu sun fidu ilaalcha keessa galchuun xinxaluu
    7) Murtee kennuufi hojiirra olchuu.
    8) Murtee hojiirra ole ykn oolaa jiru madaaluu.
    Gadi fageessanii yaaduu fi murteessuu
    Akkaataa yaaduu isa kamtu gadi fageessanii yaaduu jedhama ?
    Namoota gadi fageessanii yaadan kannen jedhaman kannen akkamiiti ?
    Barataa/ttuu, namni hunduu ni yaada; ni xiinxala. Xinxaluu jechuun wanta tokko gadi fageenyaan irratti yaaduu, kallattii hundaan ilaaludha. Obsaan muuxannoo bilchaataa irratti hundaa’anii yaaduun murtee kennuun barumsaan gonfatama.
    Rakkoowwan naannoo keenya jiran furuufis ta’ee walummaa galatti naannoo keenya hubachuuf dandeettii xiinxaluudhaan waa yaaduu qabaachuu gabbifachuutu nama irra jiraata.
    Murtee kamiyyuu kennuudhaan dura gaarii fi badaa faayidaa qabeessaa fi kan miidhaa fidu, yookaan ciminaa fi hanqina waan sanaa xiinxallee (madaallee) ilaaluutu barbaachisaadha.
    Dandeettii gadii fageessanii yaaduu gabbiifachuuf sadarkaaleen keessa darbu qabnu:
    1) Mata duree filachuu
    2) Mata duree irratti gaaffii hedduu ofii dhiyeessuu
    3) Gaaffii keenya deebiisuuf odeeffannoo funaannachuu
    4) Odeeffannoo funaaname irra deebi’uun bilcheessuu.
    5) Murtee kennuu
    6) Murtee hojiirra olchuun madaaluun barbaachisa.
    Dhiphachuu To’achuu (coping with stress)
    Dhiphachuun (Stress) jireenya keenya keessatti dedeebi’ee kan mul’atuudha. Dhiphachuu xiqqoon barbaachisaadha. Garuu, dangaa yoo darbe, hojii fi fayyaa keenya irratti dhiibbaa qaba. Dhimma dhiphachuu irratti yaad-hiddamoonni hedduun jiru. Kannen keessaa kan bay’ee beekamu yaad-hiddama “Interactionist Model” jedhamuudha.
    Akka yaad hiddama kanaatti dhiphachuun haala sadiin dhufuu danda’a. Isaanis:
    1) Gaaffii jireenyi nuu dhiyeessu kan akka rakkina qarshii, namootaan wal dhabuu, haalli hojii jijjiiramuu kkf.
    2) Akkaataa itti haalota adda addaaf hiika kenninu.
    Kakaasni nama tokko dhiphisu kan biroo dhiiphisuu dhiisuu danda’a.
    3) Rakkoowwan jireenyi nuu dhiyeessitu hiiku dadhabuu.
    Toftaalee Dhiphachuu Ittisuuf Gargaaran
    Dhiphachuun rakkoo fayyaa cimaa fiduu danda’a. kanaafuu, maloota adda addaatti fayyadamuun ittisuun barbaachisaadha. Dhiphachuu gochaan, yaadaa fi currisaan ittisuu dandeenya. Toftaaleen dhiphistoota adda addaafi dhiphachuu ittisuuf gargaaramnu adda addadha. Isaanis:
    1) Kakaasa rakkoo sana fide irratti hundaa’uun dhiphachuu ittisuu.
    Kakaasa dhiphina sana fide jijjiiruun dhiphachuu ittisuun ni danda’ama.
    Garuu toftaa kana fayyadamuuf kakaasni sun to’annaa keenya jala ta’uu qaba. Fkn sagantaatti fayyadamuu dhiisuun barataan yeroo isaa akka malee gubuun dhiphinni itti uumame yoo ta’e, sagantaan fayyadamuun hiikuu danda’a.
    2) Currisa keenya jijjiiruun dhiphina ittisuuf yaaluu.
    Kun tooftaa rakkoo dhiphachuu nutti uume currisa keenya to’achuun ittisudha. Toftaan kun dhimmi dhiphachuu fide to’annaa keenya ala yoo ta’e bu’a qabessadha.
    3) Akkata itti yaadnu jijjiiruun dhiphina ittisuu
    Kun adeemsa yaaduu keenya jijjiiruun dhiphachuu ittisuu akka dandeenyu hubachiisa. Fakeenyoota tooftaa kana:
    3.1. Kakaasa dhiphina nutti uume waan gadhee isaa irratti osoo hin ta’iin waan gaarii isaa irratti xiyyeeffachuu.
    3.2. Faallaa yaaduu dhaabbuun qajeelaa yaaduu
    3.3. Jechoota qajeelaa dubbachuu
    3.4. Yaada gocha currisa bu’a qabeessa nu godhutti fayyadamu.
    3.5. Shakkuu baayisuu hir’isuufi odeeffannoo gahaa dhimma sana irratti funaannachuu.
    3.6. Akka nama barbaachisaa fi currisa gaarii qabuutti of ilaaluu.
    4) Yaadqalbii jijjiiruun dhiphachuu ittisuu
    Mala gocha adda addatiin dhiphachuu hir’isuudha. Fakkeenya
    4.1 Gochawwan guddinaa fi jabeenya qaamaa fidaan shaakaluu
    4.2 Bashannanuu.
    4.3 Yeroo baajeta gochuun sagantaan fayyadamu
    4.4 Hala itti gargaarsa hawaasaaf hiriyaa argatu mijeessuu.
    4.5 Gargaarsa ogeessaa gaaffachuu

Gocha

  • Jireenya kee keessatti dhiphistoota si quunnaman tarreessi.
  • Dhiphistoota jireenya kee keessatti si quunnaman akkamitti ittiste?
  • Tooftaalee dhiphachuu hir’isuuf ati fayyadamte kanneen moojulii kana keessatti caqasamaaniin walqabsiisuun wal bira qabuun madaalii ibsi?
  • Maatiin kee barumsa xumurtee akka isaan gargaartu baay’ee barbaadu. Haa ta’u malee, kolleejjiitti jalqaba waggaa 1ffaa irratti barumsa sadiin qabxii gad aanaa fidde. Inni kaanis baayy’ee sitti ulfaateera. Maal gochuun dhiphina si quunname kana furta?
    Akkaataa Uumama walitti bu’iinsaa (conflict)
    Barataa/ttuu walitti bu’iinsa jechuun maal jechuudha? Hiriyyoota, maatii, barsiisota, barattoota jidduutti walitti bu’insi maalif uumama? Walitti bu’iinsa hiikuuf ogumman hojiirra oluu qabu maali?
    Walitti bu’iinsi rakkoo walsimannaa dhabuu fedhii fi yaadaa ta’ee, mataa ofii wajjin ykn namoota biroo gidduutti kan uumamuudha. Walitti bu’iinsi yeroo hundaa nu marsee jira. Qaama jireenya keenyaatti yeroo kamiyyuu irratti uumamuu danda’a. sababoota walitti bu’iinsaa tokko tokko.
    1) Rakkoo quunnamtii irrraa kan ka’e odeeffannoo bilcheessuu dhiisuun
    2) Adda adduummaa sansakkaa
    3) Raawwiin keenya qulqullina dhabu.
    4) Gargaarsa dhabuu
    5) Gahee hojii irratti wal dhabuu
    6) Hoggansa irratti wal dhabuu
    7) Ilaalcha mataa ofii haala dhugaan jiruun wal dhabuu
    Gosoota Walitti bu’insaa
    Gosootni walitti bu’iinsaa bakka lamatti qoodamu:
    I. Walitti bu’insa nama tokko keessatti ofii wajjin uumamuu (Intra-personal conflict)
    Wantootni ykn haalotni lama kan bu’aa fi miidhaan isaanii wal fakkaatu al tokko adeemsa yaad sammuu keessa yoo seennan ykn yoo nama tokko qunaman tokko keessaa filachuuf murteessuun rakkisaa ta’a. Wayitii kana nama sanatti sodaani fi yaad mormiin isaa qunama. Saayikooloojistoonni walitti bu’iinsa namni tokko ofiisaa wajjin walitti bu’u bakka sadiitti qoodu:
    1.1. Jaalatamaa – Jaalatamaa (Approach Approach) Yaad-dorgommiin akkanaa kan uumamu yoo haalli ykn wantoonni lama kan bu’aa qabanii fi ofitti nama harkisan al tokkotti nama quunnamaniidha. Wayitii kana namni sun filachuudhaa fi murteessuu hin danda’uu. Fkn Barataa maatii isaa irraa adda bahuu hin barbanne garuu carraa barumsaa iddoo maatii isaa irraa adda isa baasu argatee carraa kanas itti fayyadamuu barbaaduu.
    2) Jaalatamaa- Jibbisiisaa (Approach-Avoidance)
    Yaad-dorgommiin akkasii kun kan uumamu yoo haalli nuti keenya godhachuu barbaadnu tokko bu’aa fi miidhaa qabateedha. Fkn. Dubartiin tokko jaalallee sooreessaafi sadarkaa barumsaa gahaa qabu yoo qabaattee fi garuu namni kun amala timboo xuuxuu fi dhugaatii alkoolii yoo qabaateef kana immoo irratti jibbitee ykn ishii sodaachisee yad-dorgommii akkasiitu ishee quunnama.
  1. Jibbisiisaa- Jibbisiisaa (Avoidance – Avoidance) yaad-dorgommiin akkasii kan uumamu yoo wantoonni lama kan jibbisiisaa ta’an akka filannootti nama tokko quunnamanidha.
    Fkn Namni tokko yakka dalagee poolisiin hidhuuf barbaadu garuu hidhaamuus baqachuus hin barbaadu yoo ta’e yaad-dorgomii akkasiitu isa quunnama.
    Gocha
    Ogummaa walitti bu’iinsa hiikuutiin walitti bu’iinsa hiikuun faayidaa maal qaba? Mee tokko tokkon tarreessi?
    II. Walitti bu’insa namoota wajjinii (Inter-individual conflict)
    Fedhiifi yaadaan adda ta’uufi wal kabajuu dhiisuu irraa madda.
    Toftaalee walitti bu’insa hiikuu (Strategies of conflict resolution): ogumma walitti bu’iinsa hiikuutiin walitti bu’insaaf faala barbaaduu danda’ama.
    Faayidaa walitti bu’iinsa hiikuu
    1) Namoota wajjin obsaan jiraachuuf wal ta’anii hojjechuuf gargaara.
    2) Rakkina haala ga’umsa qabuun hiikuuf gargaara.
    3) Wal hubachaa gareenis ta’ee dhuunfaan jiraachuuf gargaara.
    4) Of kabajaa fi gatii ofiif kenninu ni dabala.
    5) Yaad-qalbii namoota wajjin hojjeechuuf jiraachuu ni dabala.
    6) Fincilaa fi yaad-qalbii dira’aa ni ittisa.
    Akka ‘Newstorm’ fi ‘Devis’ fi ‘Fred luthans’ (1998) kaa’anitti tooftaaleen walitti bu’iinsa hiikuu
    1) Baqachuu (Avoidance) –Kakaasa walitti bu’iinsa uume baqqachuun walitti bu’insa balleessuu.
    2) Walitti bu’iinsi akka hin babal’anneef currisa namoota walitti bu’anii qabbaneessuun fincila xiqqeessuun hirisuuf yaaluu.
    3) Fuulaafi fuulaan waa’ee kakaasa walitti bu’iinsaa irratti mari’achuu. Tasgabbiin wal dhageffachuun furmaata barbaaduu.
    4) Iddoo jirutti akka dhaabbatu gochuu- haala kana keessatti walmari’achuun wal dhaggeeffachuun hin jiru. Iddoo namoonni walitti bu’an humna wal qixa qabanitti bu’a qabeessadha.Waa’ee walitti bu’insaa kaasuun rakkina caalu fida tannan itti dhiisuu wayya.
    Tooftaalee walitti bu’iinsa hiikuuf gargaaran kan biroo
    1) Galma dhugaa fi bira gahu danda’amu kaawwachuu
    2) Kakaasa walitti bu’iinsa sana uume gad-fageenyaan xiinxaluu.
    3) Galmawwan jireenya keenya keessatti bira gahu barbaadnu duraa duubaan sadarkeessuun fiixaan baasuuf yaalii gochuu. Gocha 1) Walitti bu’iinsi maal? ______________________________________________
    2) Walitti bu’iinsi si muudatee beekaa? _____________________________
    3) Walitti bu’iinsa hamaa si muudate tokko yaadadhu. Akkamitti furte? _____________________________________________________
    Kitaabilee Wabii
    Bharathi, T,and E.G. Parameswaran, (2008); Personality Development. Neelkamal Publishing Pvt. LTD. New Delhi, Hyderabad.
    Charles Horton Cooley (1902), Human Nature and the Social Order(New York: Scribner’)
    Daniel Heller, Timothy A. Judge, and David Watson, “The Confounding Role of Personality and Trait Affectivity in the Relationship between Job and Life Satisfaction,” Journal of OrganizationalBehavior23, no. 7 (November 2002), p. 817.
    Dewey, J. (1933/1963). How we think: A restatement of the relation of reflective thinking to the educative process. Lexington, MA: Heath.
    George H. Mead, Ed. Charles W. Morris,(1934) Mind, Self, and Society: From the Standpoint of a Social Behaviorist,Chicago: University of Chicago Press,.
    WHO/GPA. (1994) School Health Education to Prevent AIDS and STD: A resource package for curriculum planners. World Health Organization/Global Program on AIDS. Geneva
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.