Basic Natural Science II – BNS 102

YAADANNOO  GABAABAA  BARNOOTA  SAAYINSII  BU”UURAA (BSC 102)

Kutaa Baayoloojii

                                                 BIIROO BARNOOTA OROMIYAA

Guraaandhala 2006 A.l.I

Ibsa Koorsichaa

Koorsii kana keessatti boqonnawwan fayyaa fi Baayoloojii namaa, guddinaa fi soorata qopheessuu biqilootaa, kunuunsa naannoo fi Ikkooloojii , kompaawundoota inorgaanikaa, elektirookeemistirii, keemistirii industirii fi faalama, elektroostaatikii, kaarentii elektirikii fi maagneetizimii fi sochii dambalii fi optiksiin ni ilaalamu.

Kaayyoo koorsichaa

Xumura koorsii kanaatti leenjifamtootni:-

  • Caasaa fi dalagaa sirna navii namaa ni ibsu
  • Caasaa fi dalagaa tokkoo tokkoo qaamota miiraa namaa adda ni baafatu
  • Xannachoota indookirayenii fi eksookiriinii ni ibsu
  •  dalagaa fi argama xannachoota indookirayenii fi eksookiriinii ni himu
  • Caasaa fi dalagaa sirna wal hormaata dhiiraa fi dhalaa in ibsu
  • Caasaa fi dalagaa kalee ni ibsuu
  • Faayidaan footoosenteensisii nyaata qopheessuu keessatti ni tarreess
  • Maqaa gosoota tiroopizimii fi hormoonota biqilootaa ni waamu
  • Akkaataa naannoo manca’insaa fi faalama irraa eeguun danda’amu ni ibsu
  • Walitti dhufeenya orgaanizimootaa fi  naannoo fiizikaalaa  qaban  ni ibsu


Qabiyyee                                                                                                                       Fuula

BOQONNAA 1. 5

1. FAYYAA FI BAAYOLOOJII NAMAA.. 5

1.1.     Sirna Narvii 5

Ispaayinaal Koordii (Spinal Cord) 8

1.2.     Qaamota Miiraa. 10

1.2.1. Ija. 10

1.2.2.      Gurra. 13

1.2.3.      Gogaa. 15

1.2.4.      Arraba. 19

1.2.5.      Funyaan. 20

1.3.     Sirna Indookiraayenii 20

1.4.     Sirna Wal hormaata Namaa. 25

1.4.1.      Caasaalee fi dalagaa sirna wal hormaata dhiiraa. 25

1.4.2.      Caasaa fi dalagaa sirna walhormaata dhalaa. 26

1.5.     Sirna Usaansaa. 28

1.5.1.      Kalee. 28

BOQONNAA LAMA.. 32

ADEEMSA GUDDINAA FI SOORATA QOPHEESSUU BIQILOOTAA.. 32

Seensa. 32

Kaayyoo. 32

2.1.     Baala. 32

2.1.2.      Caasaalee ala baalaa. 32

2.1.3.      Caasaalee keessoo Baalaa. 33

2.2.     Footoosinteesisii 35

2.2.1.      Caasaa fi dalagaa kilooroopilaastii 36

2.2.2.      Adeemsa footoosinteensisii 36

2.3. Geejjiba. 38

2.3.1.Geejjiba Si’ataa Biqilootaa. 38

2.3.1.      Tiraanispaayireeshinii  Biqilootaa. 38

2.3.2.      Haalota Tiraansipaayireeshinii irratti Dhiibbaa Fidan. 38

2.4.     Kulkulfannaa biqilootaa. 38

2.4.1.      Hormoonoota Biqilootaa fi Guddina. 39

BOQONNAA SADII. 41

IKOLOOJII FI KUNUUNSA NAANNOO.. 41

Seensa. 41

Kaayyoo. 41

Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni: 41

3.1. Naannoo. 41

3.1.1   Naannoo fiizikaalaa. 42

3.1.2   Naannoo baayoolojikaalaa. 42

3.2. Sirnakkoo. 43

3.3  Bidoollee. 43

3.4      Daddarba (Succession) 43

3.4.1  Gosoota daddarbaa. 44

3.4.1.1    Daddarba jalqabaa. 44

3.4.1.2 Daddarba lammaffaa. 44

3.5 Hariiroo Soorataa. 44

3.6 Piraamidoota Ikoloojikaalaa. 46

3.7 Marsaa wantootaa. 48

3.7.1         Marsaa bishaanii 48

3.7.2 Marsaa kaarbonii 49

3.7.3 Marsaa Naayitiroojinii 50

3.8 Uummata (pulation). 53

3.8.1 Tooftaa qo’annoo uummataa. 54

3.9 Kunuunsa qabeenya uumamaa. 55

3.9.2 Kunuunsa Biyyee. 56

3.9.3 Kunuunsa bosonaa. 56

BOQONNAA TOKKO

1. FAYYAA FI BAAYOLOOJII NAMAA

Seensa

Baayoloojiin waa’ee lubbu-qabeeyyii qorata.Fayyaan immoo lubbu qabeeyyii hundaaf murteessaa dha.Boqonnaa kana keessatti waa’ee fayyaa fi baayoloojii namaa,sirna narvii, dalagaa fi caasaa niyuroonii, qaamoota miiraa(ija, gurra, gogaa, arrabaa fi funyaan), sirna indookiraayenii, caasaalee sirna wal hormaataa dhiiraa fi dhalaa, fi sirni usaansaa xiyyeeffannaan kaleen ni ilaalama.

Kaayyoo

Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:-

  • Dalagaa fi caasaa sirna narvii namaa ni ibsu
  • Gosoota niyuroonii sadan ni tarreessu
  • Caasaa  niyuroonota sadanii ni agarsiisu
  • Dalagaa niyuroonota sadanii ni ibsu
  • Caasaalee ijaa,gurraa,gogaa, arrabaa fi funyaanii moodela fayyadamuun ni ibsu
  • Xannachoota eksookiriinii xannachoota indookiraayenii irraa adda ni baafatu
  • Caasaalee sirna walhormaataa dhiiraa fi dhalaa faayidaa isaanii wajjin ni ibsu
  • Akkaataa Kaleen bishaanii fi ayoonota madaalu ni himu
  • Sirni narvii sirna walqunnamtii fi to’annaa qaamaati. Dalagaan isaanii ergaa bifa elektirikawaan erguu fi fudhachuu dha. Seelootni sirna narvii ijaaran niyuroonii jedhamu.
  • Dalagaaleen qaama namaa sirnoota indookiraayinii fi narvii irratti hundaa’a. Sirnootni kunniin lamaan qaama namaa haala dhaabbataa (‘homeostasis’) keessatti akka itti fufuuf to’annoo gaggeesu.
  • Sirni narvii verteebireetii keessatti bakka lamatti qoodama. Isaanis sirna narvii wiirtuu fi sirna narvii moggaa dha. Sirni narvii wiituu fi moggaa deebi’anii bakka adda addaatti qoodamu. Qoodiinsa isaanis akka armaan gadiitti ilaalaa.

Sirna narvii wiirtuu

Sirni narvii wiirtuu:

  • Bakka dalagaan guddaa sirni narvii itti raawwatu dha
  • Dalagaan isaanii odeeffannoo gara sirna narvii moggaatti dabarsuu fi irraa fudhachu dha.
  • Kutaawwan gurguddaa lama qaba. Isaanis sammuu fi ispaayinaal koordii dha

Sammuu (Brain)

  • Wiirtuu to’annaa qaama keenyaati.
  • Kutaalee gurguddaa sadiitti qoodama. Isaanis duree sammuu, gidduu sammuu fi duubee sammuu dha (Gabatee 1.1 ilaalaa).
Text Box:  	Leenjifamtootaa! Kutaalee sammuu sadan caasaalee adda addaa of keessaa qabu. Mee caasaalee fi dalaga isaanii irratti mari’adha. Erga mari’atanii booda, gabatee 1.1 waliin walitti fidaatu ilaalaa.

Gabatee 1.1. Kutaalee sammuu, amalootaa fi dalagaa isaanii

Kutaa sammuuCaasaa inni qabateAmalootaa fi dalagaa isaa
Duree SammuuSerebireemii Kutaa sammuu keessaa isa baay’ee bal’aa ta’e dhaYaadachuu, barachuu fi xiinxaluuf fayyada  
TalamasiiWirtuu duree sammuutti argama.Dhaamsa miirawaatti hiika kennee gara kutaa ilaallatuutti dabarsa  
HaayipotalamasiiJala talamasiitti argamaMadaala bishaanii,dhiibbaa dhiigaa, kkf to’ata  
Gidduu sammuu Sochiilee ijaa fi deebiiwwan dhageettii to’ata  
Duubee sammuuSerebileemiiWiirtuu qindeessituu sochiilee maashaa fedhii ti.Madaalaa nafaa  to’ata  
Poonsii  Kutaa medullaa gara irra keessaa jira. Dhaamsa gidduu sammuu fi ispaayinaal koordii deddeebisuudhaan akka riiqichaatti gargaara.  
Medullaa obilongaataaSammuu fi ispaayinaal koordii walquunnamsiisa. Dhahannaa onnee, hargansuu fi  haxxiffachuu to’ata  

Ispaayinaal Koordii (Spinal Cord)

  • Boca siliinderawaa qabeessaa fi lallaafaa dha
  • Medullaa obiloongaataa irraa ka’uun gara gadiitti dheeratee kan argamu dha.

Faayidaa ispaayinaal koordii

1. Gochaa rifuu-liphii fedhii malee qindeessuu fi to`achuu.

2. Akka daandii dhaamsaatti gargaara. Ergaa narvaawaa miira fuudhoo irraa gara sammuutti geessa.Akkasumas dhaamsi sammuu keessatti hiika argate gara qaama dhimma baastotaatti daandii ittiin darbu dha.

Sirna narvii moggaa

  • Narvoota sammuu fi ispaayinaal koordii irra ka’anii gara qaama hundaatti kan tamsa’ani dha. Narvootini sammuu irraa ka’anii tamsa’an narvii kiraaniyeemii jedhamu. Isaanis lakkofsaan cimidii 12 dha. Narvootni ispaayinaal koordii irraa ka’anii tamsa’an narvii ispaayinaalii jedhamu. Isaanislakkoofsaan cimdii 31 dha.

Niyuroonii

  • Niyurooniin seelii sirna navii ti.
  • Niyuroonotni hundi caasaalee qaama seelii, miigoo niyuroonii (dendrites) fi ulee niyuroonii (axon) qabu.

1. Qaama seelii

  • kutaalee niyuroonii keessaa isa  guddaa dha.
    • Niwukilasii, saayitoopilaazmii, maayitookondiriyaa fi qaama goljii qabu.
    •  Raayiboosomiin qaama seelii pirootiinii dhaamsa dabarsituu (neurotransmitter) qopheessus as keessatti ni argama.

2. Miigoo niyuroonii

  •  Caasaa qaama seelii irraa ka’uu fi kan damee mukaa xixiqqaa fakkaatu dha.  Fiixeewwan isaa dhaamsa narvaawaagara qaama seeliitti fida.

3. Ulee niyuroonii

  • kutaa niyuroonii dheeraa ulee fakkaatu dha. Fiixee qaama seelii qal’aa ta’e irraa kan eegaluu dha. Dhaamsa qaama seelii irraa fuudhee kallattiin dabarsa.

Fakkii 1.1. Caasaa waliigalaa niyurooni

Gosootaa fi Caasaalee Niyuroonotaa

  •  Dalagaa isaanii ykn kallattii dhaamsa itti dabarsan irratti hundaa’uun niyuroononni bakka sadiitti qoodamu. Isaanis:
    • Niyuroonii dhaamsa geessituu (Sensory /afferent neuron)
    • Niyuroonii gamteessituu (association/interneuron neuron)
    • Niyurooni dhaamsa deebistuu (Motor /efferent neuron)

1. Niyuroonii dhaamsa geesituu

  • Kutaalee qaama adda addaa irraa dhaamsa gara sirna narvii wiirtuutti dabarsa.

2. Niyuroonii gamteessituu

  •  Dhaamsa narvaawaa niyuroonii dhaamsa geessituu irraa gara dhaamsa deebistuutti gaggeeffamu qindeessu.Kan argamanis sammuu fi ispaayinaal koordii keessatti.

3. Niyurooni dhaamsa deebistuu

  • Sirnanarvii wiirtuu irraa dhaamsa fuudhuun gara xannachootaa fi maashaatti dabarsa.
Text Box: Leenjifamtootaa! Niyurooniin sadan akkamitti walitti dhufanii ergaa dabarsu?Caasaaleen isaanii tokko moo garaagari?Kitaabilee wabii dubbisuun gareedhaan dareef dhiyeessaa.

Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii)

1. Fayyidaan sirna narvii maali?

  • Garaagarummaa fi wlaitti dhufeenya sirna narvii fi sirna indookiraayii ibsi
  • Garaagarummaa sirna narvii ofiin bulaa/otonoomasii/ fi sirna narvii somaatikii ibsi
  • Kutaalee seelii narvii tarreessi
  • Faayidaaa kutaalee sammuu armaan gadii ibsi
    • Serebiremii
    • Serebilemii
    • Hayipootalamasii
    • Meedullaa oblongaataa
  • Garaagarummaan narvoota kiraaniyaalii fi narvoota ispaayilii maali? Tokkoon tokkoon isaaniitiif fakkeenya kenni
  • Gochi rifu liphii maali? Fakkeenya qaaabatamaa kennuun ibsi
  • Garaagarummaa qaama adii(white mater) fi qaama xiilloo(gray mater) ispaayinaal kordii ibsi
  • Akaakuuwwan niwuroonii tarreessuun faayidaan isaanii ibsi
  • Hariiroo niwuroonota sadanii fakkiin agarsiisi
  • Faayidaa sirnoota narvii armaan gadii ibsi
  • Sirna narvii awutonoomasii
  • Sirna narvii simpaateetikii
  • Sirna narvii paaraasimpaateetikii

Namni qaamota miira 5 qaba.Kaadhimamtoota! Mee faayidaa qaamolee miiraa ibsaa.

1.2.1. Ija

  • Iji qaama miiraa seelota xiyya ifaaf miirawaa ta’an of keessaa qaba. Innis fakkaattii uumuu fi halluu addaan baasanii beekuuf gargaara.
  • Caasaaleen ija keenya balaa irraa ittisan maal fa’i?
  • Iji namaa caasaa adda addaatiin balaa irraa eegama. Namni fi bineeldootni hedduun ija cimdii tokko qabu. Ija kallattii garaagaratti kanneen naanneessuu danda’an maashaaleen gama duuba ijaatti maxxananii argamu. Gama fuuldura ijaatiin qadaaddiin ijaa banamuu fi cufamuu danda’u ni jira. Innis balaa ijarra ittisuuf gargaara.

Caasaalee ijaa

Iji namaa kutaalee adda addaa of keessaa qaba. Isaanis: koorniyaa, bishaan agartuu, agartuu, murteessoo ifaa, leensii, dhangala’oo viitaariyoosii fi kkf dha (Fakkii 1.2).

Fakkii 1.2. Caasaalee ijaa

  1. Koorniyaa
  2. Caasaa ifa of keessa dabarsu ta’ee karaa fuulduraan moora ijaan uwwifamee argama.
  3. Bishaan agartuu (Aqueous humor)
  4. Qulqulluu, dhangala’aa bishaanawaa fuul dura leensiitti argamu dha
  5. Kunis, dhiibbaan qilleensa ija keessaa dhaabbataa akka ta’uu fi sirna dabee darbuu ifaa keessatti qooda fudhata.
  6. Agartuu (Pupil) fi murteessoo ifaa( Iris)
  7. Reserved:  	Leenjifamtootaa! Mee guyyaa ifa keessa yeroo muraasaaf turtanii mana dukkanaa keessa yoo seentan agartuu fi murteessoon ifaa keesanii akkam ta’u? Daqiiqaa muraasaa booda maal hubbattan ?Geengoo qaawwa ijaa agartuujedhamti. Isheenis ifa dabarsuuf gargaarti. Murteessoon ifaa immoo hallu-qabeessa ta’eehamma ifaa murteessuun gara keessatti dabarsiti.
  • Leensii Ijaa
  • Leensii kaameraa suuraa kaasu waliin wal fakkaata.
  • Boca isaa jijjiiruun xiyya ifaa waantoota dhihoo fi fagoo irraa dhufe dabsuun gara dhangala’oo viitaariyoosiitti dabarsa.
  • Dhangala’oo Viitaariyoosii
  • Dhangala’aa dhoqonaawaa ifa gara ratiinaatti dabarsu dha.
  • Ratiinaa
  • Keessoo ijaati argama.
  • Ujummoo dhiigaa nyaataa fi oksiijinii seelota narvii ijaaf fidan of keessaa qaba
  • Bakka fakkaattiin itti uumamu dhooqa ratiinaa(Fovea) jedhamu of irraa qaba. Seeloota ifaaf miirawaa ta’an, seelota ulee fi geengoo qabu.Seelootni ulee halluu adda baasuuf akkasumas ifa gahaa keessatti arguuf gargaaru. Karaa biroo immoo seelootni geengoo ifa dimimmisa keessatti arguuf gargaaru. Fakkaattiin raatiinaa irratti erga uumamee booda karaa narvii agartuu (Optic nerve) gara sammuutti geeffamuun hiikni itti kennama.
Reserved:  	Namootni irra caalaa kan isaan sirriitti argan guyyaa yommuu ta’u halkaan sirriitti hin argan. Waraabessi garuu halkan malee guyyaa sirriitti hin argu. Saree fi adurreen garuu, guyyaa fi halkan sirriitti arguu danda’u. Kun maaliif isinitti fakkaata?
  • Kutaan ratiinaa bakka seelootni ifaaf miirawoo ta’an hin jirre tuqaa jaaminaa (Blind spot) jedhama. Bakka kanatti fakkaattiin hin uumamu.
  • Iji namaa baqqaana gurguddaa sadii qaba. Isaanis baqqaana alaa(iskeleeraa),baqqaana gidduu(Korooyidii) fi baqqaana keessoo (Ratiinaa) dha.

Adeemsa arguu

  1. Ifi wantoota irraa balaqqeessa’ee dhufun koorniyaa seena.
  •  Bishaan agartuu balaqqee ifaa gara leensiitti dabarsa.
    •  Murteessoon ifaa amma ifa leensii galu murteessa.
  • Leensiin dabee fakkaattii wantootaa gara reetiinaatti dabarsa.
    • Balaqqeen dhufe dhangala’o vitaariyoosiin gara ratiinaatti erga.
  • Calaqqeen wantoota fagoo fi dhihoo irraa ka’an ratiinaa irra qubatu.
    • fakkaattiin dhugaa fi gombifamaatu ratiinaa irratti uumama.
    •  Fakkaattiin calaqqee narvii agartuuirraa gara sammuutti deema.
  • Sammuun fakkaattii ratiinaa irratti gadi gombifamee sirreessuun akka arginu taasisa.
Vertical Scroll: Of eeggannoo fayyaa ijaaf godhamu
ü	Guyyaa guyyaan ganamaa fi galgala dhiqachuu.
ü	Nyaata madaalamaa nyaachuu.
ü	Ifa dimimmisa keessatti dubbisuu irraa of qusachuu.
ü	Aduu keessatti barreeffama dubbisuu irraa of qusachuu.
ü	Xiyya ifa aduu kallattiin ilaaluu dhiisuu.
ü	Harka osoo hin dhiqatiin ija qaqqabachuu dhiisuu.
ü	Ija harkaan sukkuumuu dhiisuu.
ü	Wantoota qara qaban ija irraa butuu.
  1. Caasaaleen gurra namaa maal fa’i? Dalagaan isaanihoo? Mee irratti mari’adhaa?
  2. Gurri qaamota miiraa keessaa isa tokko ta’ee seelota fuutota harkisa dachee, sochii fi sagaleef miirawoo ta’an qaba. Sochii fi haala teessuma mataa irratti hundaa’uun madaala qaamaa keessatti qooda guddaa qaba.Gurri madaala qaamaa akkamitti eega?

Fakkii 1.3. Caasaalee Gurraa

  • Gurri kutaalee gurguddoo sadii qaba. Isaanis ala gurra, gidduu gurraa fi keessoo gurraa dha.
  • AlaGurraa
  • Alli gurraa, caasaalee morgaa gurraa (Pinna), ujummoo ala gurraa fi dibbee gurraa(Eardrum) jedhamu of keessatti qabata.Morgaan gurraa morgaa xiqqoo dhifamuu danda’u ta’ee dambalii sagalee sassaabuun gara ujummoo ala gurraatti dabarsa.Ujummoon ala gurraa qilleensaan kan guutame dha.Dibbeen gurraa membireenii haphiin (Tympanic membrane) kan aguugamee fi alaa fi gidduu gurraa kan daangessuu dha.
  • Leenjifamtootaa! Bineeldootni hedduun morgana gurraa isaanii kan namaa ni caala. Faayidaa maalii qabaafii jettanii yaaddu?
  • Gidduu Gurraa Gidduun gurraa lafeewwan xixiqqoo sadiiof keessaa qaba. Isaanis:lafee gadduuma (hammer), boraatii (anvil) fi faanaa (stirrup)jedhamu.Lafeewwan xixiqqoo sadankunmoggaasa maqaa isaanii kan argatan boca isaan qaban irraati. Fayidaan Lafeewwan kanaa hollachuunsagalee ala gurraagara keessoo gurraatti dabarsu.Gidduun gurraa qilleensaan kan guutame dha. Ujummoon ustaachiyaanii gidduu gurraa fi keessoo afaanii walqunnamsiisa. Gurri akka sirriitti dhaga’uuf dhiibbaan qilleensa, gidduu gurraa fi ujummoo ala gurraa wal- qixxee ta’uu qaba. Dalagaan ujummoo ustaachiyaanii immoo qilleensa gidduu gurraa fi ala gurraa wal qixxeessuu dha.Leenjifamtootaa! Ujummoo ustaachiyaanii yommuu utaaloon nama qabu maal ta’a? Sagaleen wajjin wal-qabsiisaatu mari’adhaa?
  • Keessoo Gurraa
  • Keessoon gurraa dhangala’oon kan guutame dha.
  • Kutaan kun maramee(Cochlea) fi yaa’a martoo (Semicircular canals) of keessaa qaba. Marameen boca maramaa kan qabdu ta’ee ergaa fuutee gara narvii dhageettiitti dabarsiti. Narviin dhageettiiergaa fuudhee  gara sammuutti geessa. Yaa’i martoo ujummoo dhangala’aan kan guutameeyommuu ta’u maramee fi narvoota wajjin walqabatee jira. Innis madaala qaamaa eeguu keessatti qooda fudhata.

Adeemsa dhageettii

Sagaleen tokko tartiiba armaan gadii keessa darbee dhaga’ama

  • Madda sagalee irraa Morgaa gurraa   Ujummoo ala gurraa  Dibbee gurraa  lafeewwan gidduu gurraa        dhangala’oo keessoo guraa         maramee        Narvii dhageetti       Sammuu.
Vertical Scroll: Of eeggannoo fayyummaa gurraaf godhamu
ü	Ho’a ykn qorra gara malee irraa of eeguu.
ü	Wantoota qara qaban gara gurraatti galchuu dhiisuu.
ü	Muuziqaa  ol kaasuun dhaggeeffachuu irraa of qusachuu.
ü	Guurii gurraa yeroo yerootti baasuu
ü	Yeroo yeroon ogeessa fayyaa biratti ilaalamuu
ü	Humnaan furrii baafachuu irraa of qusachuu
 	Mee isin immoo kan biroo mar’adhaatii itti dabalaa.

 

  1. Qaama miira keessaa isa tokko ta’ee gara alaatti kan argamu dha. Gogaan qaamota miiraa  keessaa isa guddaa dha.

Caasaa Gogaa

  • Gogaan baqqaanota gurguddoo lama qaba. Isaanis: ippiidarmisii fi darmisii dha.
  • Ippiidarmisii
  • Baqqaanni kuncaasaa gara alaatti qaama uwwisee argamu dha. Kutaan qaamaa kanneen rifeensa hin qabnee fi yeroo baay’ee naannoo waliin walrigatan gogaan isaanii yabbuu dha.  Fkn. barruu harkaa.  Kanneen akka gogaa ija namaa uwwisanii jiranii garuu haphii dha.
  • seelota  keeraatinoosaayitii fi melaanoosaayitii of keessaa qaba
  • Keeraatiinoosaayitii Keeraatiinii tolcha. Kanaaf maqaan keeraatiinoosaayitii kennameef. Keeratiiniin pirootiinii dha

Dalagaa keeraatiinii

  1. pirootinii caasaa rifeensaa fi qeensa cimsu dha
  2. Rifeensa miidhaman bakka buusa
  3. Gogaa cimsa
  4.  Meelanoosaayitii
  5. Seeliin kun kompaawundii meelaaniinii qopheessa. Dalagaan isaas halluu gogaa fi rifeensaa murteessuu dha.

Gocha:Seelota gogaa keessatti argaman kanneen biroo tarreessuun faayidaa isaanii adda baasaa.

  •  Darmisii
    • Baqqaana gara keessatti argamu dha.Ujummoo dhiigaa,tishuu walqabsiistuu, seelotadhiigaa,xannachootni dafqaa fi zayitaa baqqaana kana keessatti argamu.
    • Furdinni isaa bakkaa bakkatti walcaala.Fkn, barruu harkaa fi keessa faana miilaatti yabbuu yammuu ta’u, baallee ijaa fi qaama saalaa dhiiraa irratti immoo haphii dha.Darmisiin ippiidarmisii caalaa furdaa dha.
    • Darmsii keessatti xannachoota adda addaatu jiru. Isaan keessaa xannachoota dafqaa, zayitaa fi guurii eeruunni danda’ama.

Xannacha dafqaa

  • Darmisii keessatti heddumminaan argama.
  • Dafqa qopheessanii gogaa irratti gadi lakkisu.
  • Dalagaan isaanii xuraawaa baasuu fi qamni ho’e akka tasgabbaa’u taasisuu dha.

Xannacha Zayitaa

  • Akka waliigalaatti sasalphoo fi kan damee qabanii dha.  Faana miilaa fi barruu harkaa irraa kan hafe gogaa hunda keessa faca’anii argamu.Xannachi zayitaa yeroo hundaa fooliikiloota rifeensaa waliin kan walitti hidhamaniif zayita qopheessan rifeensa jalaan gogaa irratti kanneen gadi lakkisanii dha. Haa ta’u malee, kanneen fiixee qaama saalaa dhiiraa, hidhii fi baallee ijaa keessa jiran zayita isaanii kallattiidhaan bakka rifeensi hin jirre gogaa irratti dhangalaasu.

Faayidaa xannacha zayitaa

  •  Dibata gogaa fi rifeensaa waan ta’eef gogaa miidhagsa.
    • Gogaan salphaatti fangasootan akka hin hubamne eega.

Xannacha Guurii

  • Darmsii ujummoo gurraa qofa keessatti argama.
    • Guuriin xannacha kanaan uumames gara ala gurraatti ba’a.
    •  Waanta gagaa fakkaatu ykn guurii maddisiisu.

Dalagaa Guurii

  •  Ujummoo gurraa balaa irraa ittisa.
    •  Dibbeen gurraa akka jiidhaa ta’u taasisa.
    •  Jarmootni, dhukkee fi qilleensakeessatti argaman ujummoo gurraa akka hin seenne ittisa.

Baqqaana Jaloo Gogaa

  • Baqqaanni kun kan argamu jala darmisiitti. Yeroo baay’ee  akka qaama gogaatti hin fudhatamu.
    •  Tishuulee walqabsiistuun badhaadhoo dha.
      • Tishuun kun gogaa maashaatti qabsiisa.
    • Baqqaanni  kun tishuu adiippoosii qaba. Innis cooma qaamaa kuusuun beekama.
      • Faayidaan cooma jaloo gogaa maal fa’i?

Fakkii 1.4. Caasaa gogaa

Dalagaa Gogaa

A. Qaama balaa irraa ittisa

B. Qaama miiraa ta’uun tajaajila

C. Qaama usaansaatti

  •  Xuriiwwan qaama keessaa karaa gogaa dhabamsiifmu.

D. Tempireechara qaamaa to’ata

  • ho’a dabaluun ykn hir’isuun qaamni akka tasgabbaa’u taasisa. Kun immoo kan raawwatu narvoota darmisii keessatti argaman ‘thermoreceptor’ kan jedhamaniin. ‘Thermorecptor’n tempireecherii qaamaa yommuu dabalu ykn hir’atu ergaa gara haayipootalamasiitti (jala sammuu kan jiru) ergu. Haayipootalamasiin yoo qaamni qorre ergaa gara ujummoo dhiiga raabsituu gogaa keessa jirutti erguun ujumicha dhiphisa. Kun immoo ya’a dhiigaa hir’isuun ho’a qaama keessatti hambisa. Karaa biraan immoo haayipootalamasiin yoo qaamni ho’e  ergaa gara ujummoo dhiiga raabsituu gogaa keessa jirutti erguun ujumicha bal’isa. Kun immoo ya’a dhiigaa dabaluun ho’a qaama keessaa baasa.

E. Vaayitaamin “D” tolcha

F. Qaamni akka hin gogne gargaara

G. Boca qaamaa eega

H. Waliigaltee hawaasaaf gargaaru

Chaartiin armaan gadii siribdoota adda addaa gogaa keessa jiranii fi dalagaa isaanii agarsiisa.

Chaartii 1.2 Siribdoota gogaa

Maqaa SiribduuMirummaa isaaDalagaa isaa
Siribduu dhiibbaaDhiibbaaDhiibbaa fuudha
Siribduu elooDhukkubbiiMiira dhukkubbii fuudha
Siribduu tuqaatiiTuttuquuTuttuqqii beekuf
Siribduu hoo’aaDabala hoo’aaHoo’aa fuudha
Siribduu diilallaaHir’ina hoo’aaDiilallaa fuudha.

Gocha: Fayyaa gogaa akkamiin eegna?

  1. Arrabni qaama miiraa dhamdhammii keemikaalawaa ti.
  2.  Tuuta seelotaa kichuu fakkaatan kanneen kuskussee dhamdhammii jedhaman qaba.Isaanis yoo wanti dhamdhamamu bulbulamee qaawwa keessaan bira gahe wantoo tokko adda baasu.
  3. Lakkoofsi kuskussee dhamdhammii yeroo umuriin dabalaa deemu maal ta’a?
  4.  Arraba keessa kuskusseen dhamdhammii gosoota afurtu kallattii adda addaatti kuufamanii argamu.

Fakkii 1.5 Bakkeewwan dhandhammii arrabaa

Funyaan qaama miiraa fooliiti.

  • Sirbidoonni foolii fuudhan baaxii funyaanii keessatti argamu.Sirbidoonni fooliis keemikaalotaaf miira’u.  Keemikaalli madda foolii dhaamsi narvawaa narvii olifaaktoriiirraan gara sammuu dhaqee deebii argata.
  • Keemikaalonni kunis qilleensaan gara keessa funyaaniitti seenu.
  • Foolii fuudhuu irratti namni bineeldota hedduun gadi.
  • Gocha:Bineeldotaaf foolii fuudhuun maal isaan fayyada?

 Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii)

  1. Faayidaa caasaalee  ija armaan gaadii ibsi
  2. Koorniyaa                                               f.   Leensii ijaa
  3. Bishaan agartuu                                       g.  Dhangala’oo vitaariyoosii
  4. Ratiinaa                                                     h.  Narvii agartuu
  5. Hiituu leensii/suspensory ligaments         i.   Maashaalee siilarii/cillary musciles
  6. Moora ijaa/ conjunctiva                             j.  Dhooqa ratiinaa/fovea
    1. Sababa dhukkuboota fi mudoowwan  ijaa armaan gadii ibsi
  7. Tiraakoomaa                               e.  Dhibee moora ijaa/cataract
  8. Gilukoomaa                                 f.  Jaamina halkanii
  9. Mudoo qaroo dhihoo                  g.   Mudoo qaroo faagoo
  10. Astigimaatizimii
    1. Gurri keenya maaliif qaama miiraa dhagahuu fi madaala ejjannaa qaamaa eeguuf gargaaru jedhama?
  • Faayidaa caasaalee gurraa armaan gadii ibsi
  • Ujumoo ustaachiyaanii                    d.  Yaa’aa martoo
  • Maramee                                          e.  “ Round window” fi “oval window”
  • Narvii dhageettii/ auditory nerve      f. Lfeelee gidduu gurraa/ ossicles/
    • Garaagarummaa caasaa baqqaana ippidarmisii fi darmisii ibsi.
    •  Faaayidaa seelota gogaa armaan gadii ibsi

a. Seelota melaanoosaayitii               c. Seelota keraatinoosaayitii

b. Seelota dediritikii                           d.  Seelota markilii

  •  Faayidaa gogaa tarreessuun ibsi.
    • Faayidaa cooma gogaa jalaa tareessi
    •  Gosoota xannachoota gogaa keessatti argamanii tarreessuun faayidaa isaanii ibsi
    • Caasaa arrabaa kaasii naannolee kuskusseewwan dandhammii afran itti argaman agarsiisi.

Sirni indookiraayenii walitti qabaan xannachootaa indookiraayenii jedhaman irraa uumame.Xannachootni caasaa  keemikaalota murtaawaa (specific) hoormoonii oomishuun qaama  namaa keessatti to’annaa guddinaa, meetaaboliizimii, guddina qaama saalaa keessatti qooda fudhatu. Qaama namaa keessa xannachoota gosa lamatu jiru. Isaanis:

  1. Xannachoota Eksookiriinii
  2. Xannachootni Indookiraayenii jedhamu.

Gabatee1.2.Xannachoota indookiraayenii

 Amaloota qabanHormoonii oomishanDalagaa isaanii
PitutaariiHundee  sammuu jalatti argamti Hamma ija ataraa geessi Hormoonoota hedduu maddisiisti 0.5 g ulfaatti Gooftaa xannachootaa jedhamti.Maaliif?  PiroolaaktiiniiOomisha aannan kakaasuu fi gad lakkisiisuu
Hoormoonii guddinaaGuddina qaamaa fi pirootinii oomishuuf gargaara
Hormoonii dammaqsisuu taayrooyidiiXannachi taayrooyidii akka hoormoonii taayirooksiinii maddisiisu dammaqsa
TaayirooyidiiMorma keessa fuuldura ujummoo qilleensaatti argama  TaayirooksiiniiDagaagna sammuu fi meetaboliizimii keessatti qooda fudhata
PaaraataayirooyidiiMorma gara dudduubaatti argamu Baay’inaan 4 dhaPaaraatoohormooniihamma Ca++ fi PO43- dhiiga keessaa to’ata
AdireenaaliiIrra keessa kaleeti argamu Baay’inaan 2 dhaAdireenaaliinii  Dhahannaa onnee dabala, maashaa lafee yaasa
Ayisleetii rajiijiiRajiijii keessatti faca’anii argamu  GiluukaagooniiGiluukoosii bifa gilaaykoojiniin kuufame diiguun  dhiigatti dabala
InsuuliiniiGiluukoosii dhiiga keessatti baay’ate gara gilaayikoojiniitti jijjiira
Xannachoota Saalaa (Cidhaanii fi Ovaarii)Cidhaan galma cidhaanii keessatti argama  TesteestirooniiAmaloota saal lameessaa dhiiraa to’ata
Dhalaa keessa ovaarii cimdii tokkoti jiraOstiroojiniiAamaloota saal lamessoo dhalaa to’ata
PiroojestirooniiAkka oovuleeshiniin(Gad lakkifamuu hanqaaquu oovarii gara ujummoo oovaarii) hin uumamamne taasisa
  • Leenjifamtootaa:Amaloota saal lameessoo dhalaa fi dhiiraa irratti mari’adhaatii ibsa itti kennaa?


Text Box:  	Leenjifamtootaa:Fakkiin armaan gadii xannachoota sirna indookiraayinii adda addaa bakka itti argaman agarsiisa. Mee gabatee armaan olitti ibsame osoo hin ilaaliin xannachoota kunniin hormoonii isaan oomishanii fi faayidaa isaanii waliin mari’achuun ibsaa.

Fakkii 1.5. Xannachoota indookiraayinii

  1. Sirna wal hormaataa jechuun maal jechuu dha? Faayidaan wal hormaataa maal fa’i?
  2. Wal hormaatni amala lubbu qabeeyyii martinuu qaban keessaa isa bu’uura dha
  3. Sirni wal hormaataa namaa saalessa. Sabaabiin isaa, seeloota saalaa dhiiraa fi dhalaa waan qabuuf.

Cidhaan

  • Dhiirri cidhaan cimdii qaba.Fayidaan cidhaanii ispeermii oomishuu fi kuusuu dha
  • Giddu galeessaan dheerina inchii 2 fi bal’ina inchii 1 qaba.
  • Hormoonii testeestiroonii jedhamu oomisha. Testestirooniin amaloota saala lameessoo murteessa.

Qalqalloo Cidhaanii

  • Qaamaa gara alaan cidhaan aguugee argamu dha.
  • Cidhaanii fi qalqalloon cidhaanii tempireechera qaamaa irraa 2-3oC gadi siiqanii argamu. Kun immookan ta’eef ispeermiin qophaa’uuf tempereecheraqaamaa gadi waan barbaaduuf.

Ujummoo semiiniferesii, Ippididmasii fi Vaasdiferensii

  • Cidhaan keessatti caasaalee maramaa 1000 ol ta’an bakka sanyiin dhiiraa ykn ispeermiin itti qophaa’utu jira. Isaan kunis ujummoo semiiniferesii jedhamu. Ispeermiin qophaa’e yeroof bakka itti kuufamu ippididmasiijedhama.Vaasdiferensiinimmoo ujummoo ispeermii ippididmasiiirraa fuudhee gara yuriiteraatti geessa.

Qunxurroo fi Yuriiteraa

  • Qunxurroon/tuffeen ujummoo dheeraa maashaa dhiigaan guutamuu danda’u ta’ee sanyii kormaadhiira keessaa gara dhalaatti dabarsu dha.
  •  Yuriteraan ujummoo sanyii kormaagara qaama dhalaatti fi fincaan immoo gara alaatti baasa.

Xannachoota piroosteetii, kaawuparii fi Semiinaalii

  • Xannachootni kunniin mukasii ykn waan furrii fakkaatuu fi dhangala’oo beezaawoo maddisiisu. Dhangala’oon kun nyaata kan akka sukuroosii of keessaa qabu. Kun immoo ispeermiif madda anniisaa dha. Dhangala’oon beezaawoo kun asiidii buqushaa keessa jiru waan himbaabsuuf ispeermiin salphaatti buqushaa keessa darba.Dhangala’oo xannachootni kunniin maddisiisanii fi ispeermiin walitti xaraanxara (semen) jedhama.

Fakkii 1.6.sirna wal hormaata dhiiraa

  1. Leenjifamtootaa:Mee caasaa sirna wal hormaata dhalaa tarreessaatu dalagaa isaanii ibsaa.
  2. Caasaaleen sirna walhormaata dhalaa ovaarii,ujummoo ovarii, gadameessa, morma gadameessaa fi buqushaa dha.

Ovaarii

  • Dhalaan oovaarii boca hanqaaquu fakkaatu lama, mirgaa fi bitaa irraa qabu.
  • Bakka hanqaaquun itti qophaa’u dha.
  • Oovaariin tokkoon tokkoo isaanii uusaayitoota hanqaaquu irraa bilchaatu hedduu qabu

Ujummoo Ovaarii

  • Dhalaan ujummoo oovaarii lama qabdi. Ujummoon ovaarii caasaa rifeensa qal’aa fakkaatu of irraa waan qabaniif hanqaaquu dhiibuu keessatti qooda fudhatu.

Gadameessa

  • Bakka micireen itti guddatu dha.

Morma Gadameessaa

  • Qaawwa karaa sanyiin kormaa gara gadameessatti ittiin seenu dha.

Buqushaa

  • Takka takka ujummoo da’umsaa jedhamees ni waamama.
  • Morgaa cimaa ta’ee sanyii kormaa fi dhangala’aa xannachoota adda addaa irraa maddu kan ofitti simatu dha. Yeroo mara jiidhaadha.
  • Dubartii ga’eettii tokko keessatti giddu galeessan 8-10cm  dheerata.

Fakkii 1.7. Sirna walhormaata dhalaa

Marsaa Laguu

  • Durbi tokko umurii giddu galeessaan waggaa 11-13tti laguu arguu eegalti. Hanqaaquun oovaarii keessatti qophoofte tokko ji’a ji’aan gara ujummoo oovaariitti deemti. Hanqaaquun sanyii kormaaykn ispeermii yoo argachuu baatte sa’aa 72 giddutti ni duuti. Yeroof dhaaba gadeemeessatti maxxantee yeroo jiini ga’u dhaabni gadameessaa diigamuun hanqaaquu duute waliin gara alaatti ba’u. Kunimmoo laguu jedhama. Adeemsi kun ji’a ji’aan waan itti fufuuf marsaa laguu jedhama.

Gocha:Marsaan laguu kun yeroo ulfaa maaliif hinjiraatu?

Marsaan laguu umurii giddu galeessaa meeqatti dhaabbachuu danda’a?

  1. Adeemsi xuriiwwan qaama keessaa dhabamsiisuu usaansa jedhama.
  2. Qaamolee usaansaa warreen jedhaman kanneen akka kalee, gogaa, somba, tiruu fi kkf dha. 
    1.  Gogaan xuriiwwan bishaanii fi ashaboowwan dhabamsiisa.
    1.  Sombi immoo CO2 fi H2O gara alaatti baasa.
  3. Kaleen qaama ijoo usaansaafi osmooriguleeshinii ti. Namni kalee lama mirgaa fi bitaa naannoo mudhiitti argamu qaba.
  4. Bocaan baaqelaa fakkaata. Qolli ala kalee koorteksii yoo jedhamu, keessi isaa immoo meedullaa jedhama.
  5. Kaleen bakka fincaan itti uumamamu dha.

Gocha:osmooriguleeshiniin maali?

  • Caasaaleen bu’uraa fi dalagaa kalee ta’an nefirooniijedhamu.Tokkoo tokkoonkalee nefiroonii naannoo miiliyoona tokkoo qabu. Nefirooniinkutaalee kanneenakka kaapsiyuulii bowumaani, giluumeruulaayii, ujummoo walitti maramaadhihoo, loopii Henilii, ujummoo walitti maramaafagoo fi ujummoo buutuu (Collecting duct) qabu.
  • Kaapsiyuulii Bowumaan tuuta kaappilaarota xixiqqoo giloomeruulaayi jedhaman marsee argama. Dhiigni gara kalee ujummoodhiiga raabsituu reenaaliitiin seena. Dhiigni kalee keessa seene kaapsulii bowumaaniitiin dhimbiibama. Waantoonni dhiiga keesaa dhimbiibaman kanneenakka bishaanii,ashaboo, yuuriyaa,giluukoosii fi ayoonoota dha. Isaan kana keessaa hammaqaamaaf barbaachisan bishaan, giluukoosii, pirootinii, ayonoota fi ashaboota muraasni giloomerulaayii keessa darbanii ujummoo walitti maramaa dhihoo, loopii Henilii fiujummoowalitti maramaa fagoo keessatti deebi’anii xuuxamu. Kanneen hin xuuxamiin hafan fincaan ta’uun ujummoo buutuu keessatti yeroof kuusamuun gara afuuffee fincaaniitti seena.
  • Kaleen osmooriguleeshinii kan gaggeessu hormoonii farra maddisiifamuu fincaanii (antidiuretic) jedhamuuni dha. Hormooniinkunhaaypootalamasii keessaatti oomishama. Fuutoon osmoo jedhaman haaypootalamasii keessatti argaman hamma bulbulaa (bishaanii) fi bulbulamaa(ashaboo) f miirawoo dha. Bishaan dhiiga keessatti yoo baay’ate haaypootalamasiin hormoonii farra maddisiifamuu fincaanii gara kaleetti erguun ujummoo walitti maramaa fagoofi ujummoo buutuu akka isaan bishaan baay’inaan xuuxan taasisa. Karaa biraa immoo yeroo bishaan baay’innaan xuuxamu bulbulamaan fi ayooniin ni xiqqaata. Yommuu bishaan hamma barbaachisu xuuxamu hormoonii farra maddisiifamuu fincaanii madduu dhaabuun hamma bishaanii fi ashaboo madaala/to’ata.

Fakkii 1.8. Caasaa Neefiroonii

Sirna Fincaanii

Kaleen dhiiga qulqulluu a’oortaa irraa karaa ujummoo dhiiga raabsituu reenaalii fitti fudhata. Isaan booda ujummoo dhiiga deebistuu reenaaliin dhiiga CO2n badhaadhe kalee irraa fuudhee karaa veenaa kaavaa gara onneetti  deebisa. Fincaan kalee keessatti erga uumamee booda karaa yuuriiterii gara afuuffee fincaaniitti seena.Afuuffeen fincaanii yeroof fincaan kuusee kaa’a.Isaan booda erga ajaja sammuu irraa fudhatee fincaan karaa yuriiteraa gara alaatti dhabamsiifama.

Fakkii 1.9. Sirna Fincaanii

        Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii)

1.      Garaagarummaa xannachoota eksookiraayinii fi xannachoota indookiraayinii ibsuun fakkeenya isaanii tarreessi

  • Dalagaa hormoononni armaan gadii qaama keenya keessatti qaban ibsi
  • Hormoonii taayirooksiinii
  • Hormoonii kakaastuu foolikilii
  • Hormoonii insuliinii
  • Hormoonii gulukaagoonii
  • Hormoonii antii-dureetikii (ADH)
  • Hormoonii ostiroojiinii
  • Hormoonii piroojestiroonii
  • Hormoonii testostiroonii
  • Hormoonii guddinaa
  • Gonaadootirofiinota
  • Mudaa/dhibee/ hanqina yookiin baa’yachuu hormoonota armaan gadiitiin qaama namaa irratti uumamu ibsi

a. Hormoonii guddinaa

               b. Hormoonii taayirooksiinii

               c. Hormoonii insuliinii

4.      Dalagaa caasaalee wal-hormaata namaa armaan gadii ibsi

  1. Ujumoo seminiifirasii
  2. Ujumoo ippididimisii
  3. Ujumoo vas-diferensii/sanyii kormaa/
  4. Folikiloota giraafiyaanii
  5. Faayidaan dhangaloo vesikiloota seminaalii, xannachaoota pirosteetii, fi xannachoota kowupariitiin burqisiifamanii maali?
  6. Xuriin laguu maali?
  7. Amaloota saal-lammeessoo dhiiraa fi dubaraa tarreessi
  8. Qaamolee sirna usaansa namaa tarreessuun faayidaa isaanii ibsi
  9. Kutaalee niriroonii tarreessi
  10. Akkaataa fincaan kalee keessatti ittiin uumamu bal’innaan ibsi

BOQONNAA LAMA

ADEEMSA GUDDINAA FI SOORATA QOPHEESSUU BIQILOOTAA

Seensa

Biqilootni guddina isaaniif soorata barbaadu. Soorata isaanii kan isaani qopheeffatan immoo adeemsa footoosenteensisiini dha. Boqonnaa kana keessatti bakka footooseentensisiin itti gaggeeffamu baala, caasaa alaa fi keessoo baalaa, geejjiba biqiloota keessaa, tiroopizimii fi hoormoonii biqilootaa bal’inaan ni ilaalamu.

Kaayyoo

Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:-

  • Caasaalee baalaa alaa fi keessoo adda ni baafatu
  • Dalagaawwan caasaa keessoo balaa ni ibsu
  • Footoosenteensisiin maal akka ta’e  ni himu
  • Faayidaa ifaa, kilooroopilaastii, bishaanii fi kaarboondaayoksaayidii fotoosenteensisii keessatti qaban  ni tarreessu
  • Caasaa fi dalagaa kilooroopilaastii ni ibsu
  • Adeemsa bishaanii fi faayidaa geejjibni biqiloota keessatti  qabu ni ibsu
  • Gosoota tiroopizimii adda addaa ni tarreessu
  • Dalagaawwan hormoonii biqilootaa ni tarreessu

Gocha: Caasaalee ala biqilootaa beektan tarreessuun dalagaa isaanii ibsaa.

  • Baalli baay’inaan baxxee fi bal’aa halluu magariisaa qaba. Gaasootni(CO2 fi O2) adeemsa diffushinii gara baalaatti seenu ykn ba’u.
  • Caasaan ala baalaa kanneengara alaatti ijaan mul’achuu danda’ani dha. Isaanis:- fiixee baalaa, qarqara baalaa, hidda gidduu baalaa, veeyinii, utubduu baalaa, isteepiyuulii fi kkf
    • Leenjifamtootaa! mee garee gareedhaan faayidaan caasaalee alaa baalaa irratti mari’adhaati ibsaa?

Fakkii 2.1. Caasaalee alaa baalaa

  • Caasaan keessoo hidda gidduu baalaa ykn baala gargar muruun maaykirooskooppii jalatti yoo ilaallee mul’atu. Caasaaleen keessoo baalaa akka armaan gadiitti ilaalaa.

Kutiikilii

  • Caasaa alaan ippiidermisii haguugee argamu yoo ta’u akka bishaan baala keessaa gara qilleensaatti hin baane ittisa.

Baqqaana Paaliseedii

  • Bakka footoosentensisiin heddumminaan keessatti gaggeefamu dha.
  • Seelota walitti siqaanii ykn dhiyaatanii jiran irraa ijaarame.
  • Kun immoo akka isaan ifa sirriitti sassaaban taasisa.
  • Seelootni tokkoo tokkoo isaanii kilooroopilaastii hedduu qabu.
  • Seelootni isaanii dheeroo fi siliindarii kan fakkaatan ta’ee tokkoo tokkoo seelii gidduu bakki qilleensaa xiqqaa ta’etu jira.

Baqqaana Ispoonjii

  • Seelootni isaanii kilooroopilaastii muraasa qabu
  • Seelootni wal irraa fagaatanii jiru waan ta’eef seelii tokkoo fi seelii biraa gidduu bakka duwwaan guddaa qilleensaan guutametu jira.
  • Kun immoo wal-jijjiirraan qilleessaa akka gaggeeffamu taasisa. Kunis karaa istoomaataa raawwata. Dabalataan, bakki duwwaan kun istaarchii kuusuuf gargaara.
  • Footoosenteensisiinis keessatti ni gaggeeffama. Haata’u malee,hamma kilooroopilaastii muraasa waan qabaniif footoosenteensisiin akka baqqaana paaliseedii heddumminaan keessatti hin gaggeeffamu.

Ippiidarmisii irra keessaa

  • Seelii furdaa ta’ee kilooroopilaastii hinqabani. Kanaafuu, footoosenteensisiin keessatti hin gaggeeffamu. Biqiloota hedduu keessatti istoomaataa baay’inaan hanma ippidermisii jalaa hin qabani.

Ippiidarmisii gara jalaa

  • Uwwisa baalaa gara ala baala jalaatti argamu dha.
  • Qaawwa istoomaataa jedhamu qaba. Innis kaarboondaayoksaayidiin gara baalaatti akka seenu fi oksijiniin fi bishaan immoo baala keessaa akka ba’uuf gargaara. Seelootni waardiyyaa istoomaataa cufuu fi banuun hamma CO2 seenuu fi O2 ba’u to’ata. Akkasumas adeemsa tiraanispareeshinii to’ata.

            Fakkii 2.2. Caasaa keessoo baalaa     

  • Jechi footoosinteesisii jedhu jechoota Giriik lama irraa dhufe. Isaanis footoo fi sinteesisii dha. Footoo jechuun ifa jechuu yommuu ta’u sinteesisi jechuun immoo qopheessuu jechuu dha.Kanaafuu, footoosinteensisii jechuun adeemsa biqilootni magariisaa nyaata mataa isaanii ifa aduu fayyadamuun qopheessani dha.
  • Adeemsa footoosinteensisii bal’inaan yommuu ilaallu, biqillootni magariisaa CO2 qilleensa keessaa adeemsa diffushiniin ol fudhatu. Hiddi adeemsa osmoosisiitiinH2O biyyee keessaa fudhatee gara tishuu zaayileemiitti dabarsa.Zaayilemiin immoo bishaan kana fuudhee gara baalaatti geejiba. Footoosinteensisiin orgaanelii kilooroopilaastii jedhamu keessatti raawwata.

Wal- nyaatinsi keemikaalaa kun salphaatti akka armaan gadiitti ta’a.

  • Kilooroopilaastiin orgaanelii saayitoopilaazimii keessatti argamu ta’ee halluu magariisaa kompaawundii kilooroofilii jedhamu qaba. Kilooroopilaastiin membereenii dachaadhaan kan aguugame dha. Keessi isaa dhangala’oo adda addaa kan akka pirootinii, lippiidii fi inzaayimoota adeemsa footooseentensisiidhaaf barbaachisan qaba. Bakki kun istiroomaa jedhama.Keessi kilooroopilaastii sirna membereenii wal xaxaa ta’e qaba. Membereeniin keessaa battee dhangala’aa of keessaa qabu taayilaakooyidii jedhama. Taayilaakooyidiin toora galuun wal irra taa’an giraanaa jedhamu. Taayilaakooyidii giraanaa lamaan walqabsiisu laameellaa jedhama.

Fakkii 2.3. Caasaakilooroopilaastii

  • Fotoosintesisiin adeemsa lamaan raawwata. Isaan kunis wal nyaatiinsa ifaa fi wal nyaatinsa dukkanaa jedhamu. Wal nyaatiinsni lamaan kungabatee armaan gadii keessatti ibsamaniiru.

Gabatee 2.1. Walnyaatinsa ifaa fi dukkanaa

Amaloota wal bira qabiinsaaWal nyaatinsa ifaWal nyaatinsa dukkanaa
WalnyaatiinsaKallattiin ifa aduu barbaadu Iftiaduu bishaan gargar diiga 2H2O              4H+ +O2  Kallattiin ifa aduu hin barbaadan 4H+ walnyaatiinsa ifaa irraa argame fayyadamuun sukkaara oomisha
Annisaan ifaa aduu  Gara annisaa keemikaalaatti jijjiiruun yeroof ATP fi NADPH2keessatti kuufamaAnniisaa keemikaalaa ATP fi NADPH + H  fayyadamuun CO2 gara kompaawundii akka sukkaaraatti jijjiira CO2 + 4H+            CH2O(Sukkaara)  
Bakka keessatti  gaggeeffamuGiraanaa kilooroopilaastiiIstiroomaa kilooroopilaastii
Walnyaatiinsa keemikaalaa waliigalaa2H2O              4H++O2 Osoo jalqaba moliikiyuulii bishaanii 12 qabaannee walnyaatiinsi kun maal ta’a? 12H2O              24H+ + 6O2  ta’a. Sababiin isaa 2H2O= 4H yoo uume 12H2O immoo 24H+ uuma. Bifa walfakkaatuun 2H2O= O2yoouuman 12H2O= 6O2 uuma.  CO2 + 4H+         CH2O + H2O Osoo jalqaba moliikiyuulii kaarboondaayoksaayii 6 qabaannee wal nyaatiinsi maal ta’a? 6CO2 +24H+              ( CH2O) 6 ta’a. Sababiin isaa CO2= 4H+ waliin yoo wal nyaate 6CO2= 24H+ waliinwal nyaata. Bifa walfakkaatuun CO2 wal nyaatanii CH2O yoo uuman 6CO2= (CH2O) 6  ta’a. Akkasumas  6CO2= 6H2O ta’a  
Xumura wal nyaatiinsaa12H2O              24H+ + 6O2  (firii wal nyaatiinsa ifaa) 6CO2 +24H+        ( CH2O) + 6H2O (firii walnyaatiinsa dukkanaa) Hamma H2O fi H wal nyaatiinsa ifaa fi dukkanaa yoo wal irraa hir’istan maal argattu?

Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii)

 

2.3. Geejjiba

2.3.1.GeejjibaSi’ataa Biqilootaa

  • Adeemsa geejjibaa anniisaa barbaadu geejjiba si’ataa jedhamee waamama. Biqilootni geejjiba wantootaa diffushinii fi osmoosisii qofa irratti hundaa’anii hin jiraatan. Biqilootni biyyee keessaa albuuda xuuxuuf adeemsa geejjiba si’ataa fayyadamu.
  • Albuudonni ayoonawaan biyyee keessatti yeroo baay’ee bulbula callabbaa’aa ta’e keessatti argamu. Kanaafuu, rifeenseen hidda biqilootaa annisaa barbaachisaa fayyadamuun albuuda biyyee keessaa gara qaama isaaniitti fudhatu.

Leenjifamtootaa: Faayidaan geejjibni biqiloota keessatti qabu maal fa’i?

Leenjifamtootaa: Tiraanispaayireeshinii jechuun maal jechuu akka ta’e mari’adhaatii barsiisaa keessaniif yaada kennaa?

  • Biqilootni hiddaan bishaan biyyee keessaa adeemsa osmoosisiin gara tishuu zaayileemiitti geessu. Adeemsi kunis anniisaa hin barbaadu.
  • Bishaan baala keessaa haala hurkaan ba’a. Adeemsi bishaan bifa hurkaan baala keessaa ba’u tiraanispaayireeshinii jedhama. Tiraanispaayireeshiniihedduminaan karaa qaawwa xixiqqaa dirra baalaa istoomaataa jedhamuun gaggeeffama. Istoomaataan yeroo footoosinteensisiin gaggeeffamu banamuun CO2 gara keessa baalaatti akka seenu yommuu taasisu, bishaan immoo gara alaatti bifa hurkaan akka ba’u taasisa.

Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii)

  1. Tishuulee vaaskulaarii biqilootaa beektu tarreessuun faayidaa isaanii ibsi. Haalli gurmaa’na isaanii biqiloota gara garaa keessatti akkamiin ibsamaa? Fakkeenyaaf biqiloota kotilidanii tokkee fi lamee ta’an fudhachuun ibsi..
  2. Isaan kana keessaa isa kamtu guddina sadarkaa lammaaffaa biqilootaa fidaa? Maaliif akka ta’e bal’inaan ibsa itti kenni.
  3. Biqilaan tokko sababa qolli isaa irraa qunca’eef gogee kan badu yoo ta;e tishuulee vaaskulaarawaa gaafii tokkoffaa keessatti tarreessite keessaa hanqina isa kamii ta’uu danda’aa? Maaliif?
  • Adeemsa sirna geejibaa biqilootaa keessatti hidda irraa kaasee hanga fiixee mukaatti akkaataa bishaanii itti geejjibamu fi tartiiba inni keessa darbu gadi fageenyaan ibsi.
  • Garaagarummaan
  • Osmoosisii  fi diffuushinii
  • Geejjiba si’ataa fi mugaa maali?
  • Sirna geejibaa keessatti wantoonni ykn ta’iiwwan saffisa wanta geejjibamu sana murteessan eenyufa akka ta’an tarreessuudhaan ibsa itti kenni.
  • Haalotni hurka bishaanii saffisiisan tiraanispaayireeshinii irratti dhiibbaa ni fidu. Isaanis ifa, bubbee, jiidhina qilleensa (humediitii) keessaa fi tempireechera eeruun ni danda’ama.

Gocha: Haalonni armaan olii tiraanspaareeshinii irratti akkamiin dhiibbaa fidu?

  • Tiroopizimii
  • Tiroopizimii jechuun maal jechuu dha? Fiixeen biqilootaa gara aduutti, hiddi biqilootaa gara harkisa dachee fi bishaaniitti guddachuun kun maaliif isiniitti fakkaata?
  • Tiroopizimiin jecha Giriik “tropos” jedhu irraa kan dhufe yommuu ta’u hiikni isaas naanna’uu ykn guddachuu jechuudha. 
  • Yeroo baay’ee biqilootni gara rifachiisootti guddatu. Karaa biraa immoo rifachiisoo irraa kallattii faallaattis ni guddatu.
  • Kanaafuu, tiroopizimiin kallattii guddinaa ykn adeemsa biqilootni rifachiisoof deebii kennani dha.

             Gosaawwan tirooppiizimii

  1. Keemootiroopizimii-Kulkulfannaa keemikaalaaf
    1. Ji’ootiroopizimii-Kulkulfannaa harkisa dacheef
    1. Footootiroopizimii-Kulkulfannaa ifaaf
    1. Haaydirootiroopizimii-Kulkulfannaa bishaaniif
    1. Tigimootiroopizimii-Kulkulfannaa tuqaatiif
    1. TermootiroopiizimiiKulkulfannaa Tempireecheraaf
  2. Hormooniin biqilootaa keemikaalota ergamtoota ta’anii dandeettii biqilootni rifachiisoo naannoof deebii akka kennan kan murteessani dha.Hormoonootni kompaawundoota orgaanikaa hamma xiqqaan bu’a qabeessa ta’an dha.Yeroo baay’ee hormoonootni waliin ta’anii qaama murtaa’e irratti dalagaa isaanii raawwatu. Hormonoonni guddina biqilootaa dabaluu ykn daangessuu ni danda’u. Hormoonootni baay’een mana yaaliitti qophaa’uuni danda’u. Haata’u malee Botanistoonni hormoonota ijoo biqilootni qopheessan beekamooguddina isaaniif murteessoo ta’an adda baasaniiru. Isaanis: Ogiziinii, itaayiliinii, jibirliinii, saayitookiniinii, asiidii  absiisikiidha.

Gabatee 2.1. Hoormoonii Biqilootaa

HormooniiBakka itti argamuFaayidaa ijoo
OgziiniiMiciree sanyiiBaala ga’eessaMeristemii/ kichuu fiixeeguddina seelii kakaasafiriin akka guddatu taasisahidda guddisa
SaaytookininiiHidda keessatti qophaa’ee gara qaama adda addatti deemaHirmama seelii kakaasaOlaantummaa guddina fiixee (Apical dominance) murteessa.
ItaayliinTishuu firii bilchaataniiDhuka jirmaaBaalaa fi daraaraa harca’uuf ga’eAkka firiin bilchaatu taasisa    
Asiidii absiisikiiBaala, jirmafi firii magariisaaAkka istoomaataan cufamu godha
JibirliinMeristemii/ kichuu fiixee,hiddaafi micreeDheerina fiixee jirmaa kakaasaFirii ammaan guddisuuf gargaara

Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii)                                                   

1. Kanneen armaan gadii addaan baasi.

  1. Biqiloota yeroo ifaa gabaabaa fi yeroo ifaa dheeraaIAA fi SaayitookininiiFotootiroopizimii poozetivii(positive phototropism)Fotootiroopizimii negaeetivii( Negative Phototropism)
  2. Biqiloota yeroo ifaa dheeraa, yeroo ifaa gabaabaa fi yeroo ifaa himbaabsawaa ta’an tarreessi.
  3. Hormoonota biqilootaa keessaa tokko ogzinii yammuu ta’u ogzinii uumamaa fi nam-tolcheetu jiru. Tokko tokkoo isaaniif fakkeenya kennuun faayidaa isaanii barreessi.
  4. Garbuun ykn margi mana keessa  naannoo foddaatti biqile tokko morma isaa foddaarraan gara alaatti baafachuuf carraaqa. Sababni isaa maal akka ta’e ibsuudhaan akaakuuwwan tirooppizimii keessaa isa kam wajjin akka deemu eeri.

 

BOQONNAA SADII

IKOLOOJII FI KUNUUNSA NAANNOO

Seensa

Ikoloojiin yeroo baay’ee baayoloojii naannoo jedhamee kan beekamu ta’ee saayinsii hariiroo lubbu-qabeeyyiin naannoo isaanii fi waliiwaliin qaban irratti kan xiyyeeffatu dha. Kunuunsa qabeenya uumamaa jechuun immoo hariiroo isaanii kana fayyaalessummaa isaa eeganii haalota nam-tolchee fi uumamaan  akkasumas inni tokko isa tokko irratti dhiibbaa akka hin geessifne ittisuun ykn xiqqeessuun itti fufinsa isaanii mirkaneessuudha. Kanaafuu, gocha kunuunsa qabeenyaa uumamaa geggeessuu keessatti dursanii hariiroo uumamaa gidduu lubbu-qabeeyyii akkasumas lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyii jiru beekuun barbaachisaadha.

Kaayyoo

Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:

  • Naannoo fi qabiyyee isaa ni ibsu.
  • Sirnakkoon maal akka ta’e ni himu.
  • Qabiyyee sirnakkoo naannoo fiizikaalaa fi baayoloojikaalaa maal akka ta’e ni ibsu.
  • Paayraamidii ikkoolojikaalawaa, saaphuphee soorataa, fuuncaa soorataa, heetirootiroofikii, awutootroofikii maal akka ta’an ni ibsu.
  • Bishaanii, kaarboonii fi naaytiroojinii, akkamiin akka marsan  ni agarsiisu.
  • Qabeenyi uumamaa maal akka ta’e ni himu.
  • Qabeenya uumamaa haromuu danda’anii fi hindandeenye adda ni baasu.
  • Rakkoo ciramuun bosonaa fidu ni tarreessu.

3.1. Naannoo

Naannoo jechuun maal jechuudha? Bakka jirtan kanatti waantota isin marsanii jiran maqaa dhahuu dandeessuu ?

Jechi Naannoo jedhu haalota (waantota) orgaanizimii tokko bidoollee keessatti itti dhi’eenyaan marsanii argaman ta’ee, lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyii kan hammatu ta’a. Waantotni orgaanizimicha marsanii argaman kunis kallattiinis ta’e alkallattiin jireenya orgaanizimichaa irratti dhiibbaa adda adda fiduu danda’a.Walumaagalatti naannoon ida’ama qabattoota hedduu kan walitti dhufeenya wal-xaxaa qaban miidhaa malee isa tokko isa biroo irraa adda baasuun hin dandaa’amne qabatee jira. Ikoloojistootni baay’een qabattoota isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qooduu filatu. Isaanis:

  • naannoo fiizikaalaa (abiotic environment)
    • naannoo baayolojikaalaa (biotic environment)

3.1.1   Naannoo fiizikaalaa

  • Haalli teessuma lafaa, qilleensa fi akaakuu fi haalli biyyee  akkamitti facaatii ykn  tatamsa’ina orgaaniizimoota naannoo tokkoo murteessuu danda’u ? Mee mari’adhaa.

Naannoon fiizikaalaa qabattoowwan lubbu-maleeyyii ta’anii waantotaa fi haalawwan adda addaa of keessatti hammachuun jireenya orgaaniizimootaa irratti jijjiirama fiduu kan dandaa’ani dha.Isaanis akka armaan gadiitti qoodamuu danda’u.

Naannoo Fiizikaalaa

Qabattoota haala qilleensaa               Qabattoota biyyee                 Qabattoota teessuma lafaa

(Climatic factors)                                (Edaphic factors)                             (Topographic factors)

  • Ifa aduu                                                                          Olka’iinsa gaarrewwan walqabatoo
  • Tempireechera                                                                Kallattii gaarrewanii fi sulullanii
  • Bishaan                                                                          
  • Bubbee                                                                             

3.1.2   Naannoo baayoolojikaalaa

Qabattoota lubbu-qabeeyyii naannoo murtaawaa tokko keessatti argaman naannoo baayooloojikaalaa  jedhamu. Isaanis qopheessitoota, nyaattota, maxxantootaa fi burkuteessitoota ofkeessatti kan hammatu dha.

3.2. Sirnakkoo

Sirnakkoon uumama tasgabbaa’aa orgaanizimoota hawaasa adda addaa kan hariiroo walii isaanii, haala fiizikaalaafi keemikaalaa naannoo isaanii waliin qaban kan hammate dha.Fakkeenyaaf: haroowwan, lafa margaa, bosona yoo ta’an kunis ballina adda addaa qabaachuu danda’u

3.3  Bidoollee

Sirnakkoo tokko keessatti bakki orgaaniizimoonni uumamaan filatanii jiraatan bidoollee jedhama.Bidoolleen yoo baay’ee xixiqqoo ta’an bidoollee xixiqqoo (microhabitat) jedhamanii waamamu.Fakkeenyaaf ilbisoonni baay’een qola mukaa keessa jiraatan bidoollee xixiqqoo mataa isaanii qabu jechuudha.Bidoolleen bakka gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis: bidoollee lafaawoo fi bidoollee bishaana’oo jedhamu.

  1. Bidoollee lafaawoo: Kunis bidoollee lafa irraa ta’ee bosona, lafa margaa fi gammoojjii hammata.
  2. Bidoollee bishaanawoo: Isaan kun immoo bidoollee bishaan keessaa ta’anii bishaan haaraa fi bishaan ashabowaa hammata.

Gocha: Garaagarummaa bishaan haaraawaa fi bishaan ashabowaa addaan baasaa ibsaa.

  • Daddarba hawaasaa jechuun maal jechuudha? Akkamitti raawwata? Hawaasni yeroodhaa yerootti akka jijjiiiramu maaltu godhaa?

Daddarbi jijjiirama kallattii itti fufaa akkaataa raagamuu dandaa’amuun yeroo dheeraa keessatti kan raawwatu dha. Bakka murtaa’aa tokkotti akkaataan hawaasni garaa garaa yeroo murtaa’aa keessatti dabareedhaan bakka wal bu’aa adeemani dha.Daddarbi kan hammatu:

  • Jijjiirama baay’ina biqilootaa fi bineeldotaa,
    • jijjiirama gosa sanyii (adeemsa yeroo dheeraa) fi
    • jijjiirama naannoo fiizikaalaa fi keemikaalaa naannoo bidoollee ti.

Sababoonni hawaasni adda addaa yeroo adda addaa bakka jireenyaa tokko akka weeraran taasisan:

  • Jijjjiirama haala qilleensaa: rooba,biyyee, jiidhinsa qilleensaa,
    • gochaalee sanyii hawaasichaa fi
    • gochaalee dhala namaa ti.

3.4.1Gosoota daddarbaa

Daddarbi bakka lamatti qoodamu.Isaanis daddarba jalqabaa fi daddarba lammaffaajedhamu.

Bakka qullaa (lubbu-qabeessaa fi biyyee  hin qabne) kan akka kattaa dhagaa, cirrachaa fi cabbii irratti jalqabu dha. Daddarbi akkasii adeemsa biyyee uumuuf illee waan yeroo dheeraa itti fudhatuuf  hamma hawwasa tasgabbaa’aa irra ga’utti waggoota hedduu itti fudhata. Daddarbi jalqabaa akka armaan gadiitti xiyyaan agarsiifamuu dandaa’a.

Iddoo haaraa(kattaa dhagaa)        sanyii paayooniirii (arrii dhagaa)          Moosota           gosoota margaa         Muka xixiqqoo             Muka giddu galeessa gosa baay’ee               Bosona

3.4.1.2 Daddarba lammaffaa

Bakka buusuu hawaasaa ta’ee, kanaan dura hawaasni irra ture sababa uumamaanis ta’e gochaa namaatiin irraa manca’uu booda kan raawwatu dha. Gosti daddarba lammaffaa sadarkaa hawaasa tasgabbaa’aa irra ga’uuf yeroo gabaabaa itti fudhata.

Gocha: Daddarbi jalqabaa sadarkaa hawaasa tasgabbaa’aa irra ga’uuf daddarba  lammaffaa caalaa yeroo dheeraa itti fudhata, kun maaliif akka ta’e mari’adhaa.

3.5 Hariiroo Soorataa

Orgaaniiziimoonni hawaasa garaa garaa keessa jiraatan irra caalaa soorataaf walitti hirkatanii jiraatu.Bineeldonni muraasni biqiloota sooratu.Gariin isaanii bineeldota sooratu, kaan immoo soor-lachee dha.Orgaaniiziimoonni soorata mataa isaanii qopheeffachuu dandaa’an qopheessitoota(autotrophs) jedhamu. Lubbu-qabeeyyiin soorata ofii qopheeffachuu hin dandeenye, biqilootaa fi bineeldota birookan sooratan nyaattota (heterotrophs) jedhamu. Orgaaniizimoonni qaama du’aa diiguudhaan soorata isaanii argatan burkuteessitoota jedhamu.

  1. Funcaa Soorataa

Tartiiba annisaan bifa soorataatiin biqiloota irraa gara bineeldotaatti, bineeldota irraa immoo gara bineeldota birootti ittiin dabru dha. Funcaa soorataa keessatti orgaaniizimiin tokko gosa nyaataa tokko qofa akka nyaatu yokaan orgaaniizimii tokko qofaan akka  nyaatamutti yaadama.

Fakkeenyaaf:

i.Funcaa soorataa dachee

Marga               Kuruphisa                Lootuu             Culullee    

ii.Funcaa soorataa bishaanii

Faayitoopilaankitanii          Zoopilaankitanii    Qurxummiilee xixiqqoo                            Qurxummiilee gurguddoo           Shaarkii.

Tokkoo tokkoon sadarkaalee funcaa soorataa keessaa gulantaa soorataa jedhama.Kanaafuu, gulantaan tokkoffaan qopheessitootaan qabama.Gulantaan soorataa lammaffaa fi sadaffaan orgaaniizimoota soorattoo jalqabaa fi soorattoo lammaffaa jedhamu walduraa dubaan. Fakkeenyaaf:

Marga                       Kuruphisa                       Lootuu                               Culullee

Gulantaa-1              Gulantaa-2                       Gulantaa-3                         Gulantaa-4

                               Soorattoo 1ffaa              Soorattoo 2ffaa                    Soorattoo 3ffaa

Soor.Margaa                  Soor.Foonii-1ffaa              Soor. Foonii-2ffaa

  • Saphuuphee Soorataa

Sirnakkoo hedduu keessatti, hariiroo orgaaniizimiin tokko orgaaniizimii tokkoo ol soorata yokaan orgaaniizimoota hedduun sooratama. Funcaaleen soorataa hedduu walitti hidhamanii, hariiroo soorataa walxaxaa ta’e uumu. Hariiroon soorataa walxaxaan kunsaphuphee soorataa jedhama.

                                             Culullee

Raacha                            Lootuu

                                         Kuruphisa                        Leenca

                                        Marga                                Bosonuu

Fakkii 3.1 Saaphuuphee Soorataa

3.6 Piraamidoota Ikoloojikaalaa

Annisaan gulantaa soorataa tokko irraa gulantaa soorataa isa birootti yeroo daddarbaa adeemu annisaan hir’achaa deema.Kunis sababa annisaan bifa gubama soorataa fi ho’aan baraaxaa’aa waan danda’uufi dha. Piraamiidii ikoloojikaalaa fayyadamuun hamma gatii anniisaa gulantaa soorataa ibsuun ni dandaa’ama. Piraamidoonni ikoloojikaalaa beekamoo ta’an sadiitu jiru. Isaanis:

  1. Piraamiidii lakkoofsaa
  2. Piraamiidii baayoomaasii
  3. Piraamiidii anniisaa
  4. Piraamiidii Lakkoofsaa

Lakkoofsa orgaaniizimootaa gulantaa soorataa tokko irra jiranii ibsa.Akka waliigalaatti gulantaa soorataa gad-aanaa irraa gara isa itti aanutti adaduma deemamuun lakkoofsi orgaaniizimootaa hir’achaa deema.Kanaafuu anniisaanis hir’achaa deema.

Fakkeenyaaf:  Marga            Bosonuu                     Leenca

Funcaa soorataa kana keessatti lakkoofsi margaa kan bosonuu caala, lakkoofsi bosonuu immoo kan leencaa caala. Haalli kun piraamiidii lakkoofsaa armaan gadiin ibsama.

Fakkii 3.2 Piraamiidii Lakkoofsaa

Haata’u malee yeroo tokko tokko sirnakkoo tokko tokko keessatti piraamiidiin lakkoofsaa armaan olii kun faallaa ta’ee gadi galagaluu ykn gidduutti bal’atee gara gadiitti qal’atutu jira. Funcaan soorataa akkasii kun sirnakkoo bosonaa keessatti mul’ata. Kunis yeroo mukti tokkichi  ilbisootaa baay’ee ofirratti baatu dha. Karaa biraa immoo funcaan soorataa maxxantootaa keessatti yeroo maxxantootni baay’eenkeessummeessaa tokko irraa sooratan kan mul’atu dha. Haalli kunis piraamiidota lakkoofsaa armaan gadiin ibsamuu dandaa’a.

Text Box: Sinbirroota
  1. Text Box: Maxxantoota                                                                        2.          

Fakkii 3.3 Piraamiidoota Lakkoofsaa adda ta’an

Gocha:Hanqina piraamidiin lakkoofsaa qabu kitaabilee wabii dubbisuun barreessaa.

  • Piraamidii Baayoomaasii

Ulfaatina tishuu gogeessa orgaaniizimoota tokkoon tokkoo gulantaa soorataa irratti argamanii agarsiisa.Sirnakkoo dachee irratti gulantaa soorataa gad-aanaarraa gara isa itti aanutti adaduma deemamuun baayoomaasiin hir’ataa deema.Kanaafuu annisaan illee hir’ataa deema.Sirnaakkoo bishaanii keessatti garuu gulantaa gad-aanaa irraa gara gulantaa itti aanutti dabalaa deema. Kanaafuu piraamidoonni baayoomaasii kan dachee fi bishaanii faallaa walii ta’u.

A                                                                          B.

Text Box: Soor. 1ffaaText Box: Zoopilaankitanii

Fakkii 3.4 Piraamiidii baayoomaasii (A)dachee , (B) Bishaanii

  • Piraamidii Annisaa

Hamma annisaa tokkoo tokkoo gulantaa soorataa irratti uumamu mul’isa.Adadumaan gulantaa soorataa gad-aanaa irraa gara itti aanutti adeemamuun annisaan hir’ataa deema.

                   Ya’a anniisa

Fakkii 3.5  Piraamiidii anniisaa

3.7 Marsaa wantootaa

Anniisaan sirnakkoo keessatti kallattii tokko qofaan yaa’a.Faallaa kanaan garuu waantonni sirnakkoo tokko keessa jiran itti fufiinsaan lubbu-qabeessaa fi lubbu-dhabeessa gidduu ni naanna’u. Naanna’uun wantootaa ruqoolee sirnaakkoo tokko gidduutti taasifamu kunis faayidaa baayoolojikaalaa fi ikkooloojikaalaa qaba.Isaan keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.

Gocha:Bishaan yeroo baay’ee maaliif lubbuu jedhama ?Bishaan lubbu- qabeeyyiif faayidaa akkamii kenna?

  • Bishaan dachee kanarraa bakka bakka akkamiittii argachuu dandeenya ?

Sochiin bishaan dachee fi atimoosferii gidduutti godhu marsaa bishaanii jedhama.

Pirojektii: Diyaagiraamotaarmaan gadii (marsaa bishaanii fi marsaa kaarbonii)xiinxaluu fi kitaabilee wabii dubbisuun qaaccessa barreeffamaa gareen hojjechuun dareef dhiyeessaa.

Fakkii 3.6 Marsaa Bishaanii

3.7.2 Marsaa kaarbonii

Waantota sirnaakkoo tokko keessa naanna’an keessaa isa tokko.Kaarboniin bifa kompaawundii orgaanikaan qaama lubbu qabeeyyii fi waantota du’anii keessatti argama. Kompaawundiin kaarbonii tishuu lubbu qabeessaa keessatti argamu kun yeroo booda gara haftee foosilii (fossil fuels) tti jijjiiramuu dandaa’a. Hafteewwan kunis kan akka gaaszii uumamaa, petroliyeemii fi kasala boba’aa fa’a dha. Kompaawundiin orgaanikaa karbonii baatu bifa soorataatiin gulantaa soorataa tokko irraa gara isa itti aanutti daddarba.

Gubamni soorataa fi footoosiinteesisiin akka armaan gadiitti waliin madaala co2 atimoosferii keessatti eeguu keessatti shoora mataa isaanii taphatu.

                                C6H12+6O6Gubama soorataa      6CO2+6H2O+ ↑annisaa

Footoosiinteensisii

Text Box: Kaarbonii      atmoosferii keessaaText Box: Kompaawundii orgaanikii biqiloota keesssaa

                                         Footoosiinteesisii

                Gubama soorataa

           Gubama soorataa

Text Box: Boba’aa haftee (fossil fuel)

 Gubachuun (combustion)

Fakkii 3.7  Marsaa kaarbonii

3.7.3 Marsaa Naayitiroojinii

Naayitiroojiniin moolikiyuulota qaama lubbu-qabeessaa keessa jiru baay’ee isaanii kan akka asidii nukilikii, pirootinii, amino asidootaa fi kanneen akka hormonootaa ijaaruuf  gargaara. Haata’u malee orgaaniizimoota muraasatuu naayitiroojinii kallattiidhaan qilleensa keessaa adeemsa naayitiroojinii fikseessuu jedhamuun jijjiiranii itti fayyadamuu dandaa’u. Kunis kan ta’uu  danda’eef orgaaniizimoota muraasa kanatu inzaayimii adda ta’e kan hidhoo sadee naayitiroojinii (tiple bond) cabsuu danda’u qaba. Kanaafuu biqiloonni naayitiroojinii biyyee keessaa bifa naayitireetiitiin (NO3) fudhatanii pirootinii oomishu.Bineeldonni immoo naayitiroojinii biqilootaa irraa argatu.Naayitiroojinii fikseessuu jechuun akkaataa naayitiroojiniin atmoosferii keessa hedduminaan jiru muraasni isaa gara bifa lubbu qabeeyyiin adeemsa baayoolojikaalawaa isaaniif itti gargaaramuu dandaa’aniitti jijjiiramu dha.

  1. Adeemsa naayitiroojinii fikseessuu

Adeemsa naayitiroojiniin atmoosferii keessaa (N2) gara naayitiraayitii (NO2), naayitiretii (NO3) fi amooniyeemii (NH3) ittiin jijjiiramu dha.

N2                           NO3/NO2/NH3

Naayitiroojiniin atmoosferii keessa gara bifa faayida qabeessaa (NO3) biqilootni fayyadamuu dandaa’aniitti jijjiiramuu kan danda’u karaalee armaan gadiiti.

A/ Balaqqeessaan

Balaqqeen yeroo bakakkaan bu’u uumamu ho’a baay’ee cimaa qaba. Ho’i kun immoo naayitiroojiniin oksiijinii waliin wal nyaatee oksaayidii naayitiroojinii (N2O, NO) akka uumamu godha. Oksaayidiin naayitiroojinii kun bishaan roobaa wajjiin walmakee asidii naayitirikii uuma. Asiidiin kun immoo biyyoo keessatti bulbulamuun keemikaala biraa waliin walmakee naayitiretii uuma.

                              N2 + 3O2                2NO3

B/ Baakteeriyaan

i/ Baakteeriyaan bilisaan biyyee keessa jiraatan kanneen akka “Azotobacter” fi “clostridium” naayitiroojinii (N2) gara amooniyaatti jijjiiru.

N2                                NH3

ii/ Baakteeriyaan wal utubbii hidda dhiita’aa biqiloota liguminasii kanneen akka baaqelaa fi ataraa wajjiin jiraatan naayitiroojinii (N2) gara amooniyaatti geeddaru.

C/ Indaastiriidhaan

Naayitiroojiniin gabbina biyyeetiif baa’ee barbaachisuuf bifa xaa’ootiin industirii keessatti oomishama.

 Fkn: Amooniyeem naayitireetii (NH4NO3) yuuriyaa (CO (NH2)2)

2/ Adeemsa burkutaa’uu

Adeemsa pirootinii qaama du’aa lubbu qabeeyyii fi xuraawaa bineeldotaa kan akka fincaanii keessa jiru burkuteessuun gara amooniyaa fi amooniyeemiitti ittiin geddaramu dha

3/ Adeemsa naayitireessuu

Adeemsi kun adeemsa amooniyaa fi amooniyeemiin baakteeriyoota kanneen akka “Nitrosomonasii” Fi “Nitrobacter” dhaan jalqaba gara naayitiraayitiitti dhumarratti immoo gara naayitiretiitti itti geeddaramu dha. Baakteeriyaan kunniin baakteeriyaa  naayitireessuu jedhamu. Haata,u malee jalqaba irratti naayitiroojiniin atmoosferii keessaa haalota adda addaatiin gara amooniyaa fi amooniyeemiitti fikseeffamu.

NH3/NH4                              NO2                                          NO3

4/ Adeemsa Naayitiroojineessuu

Adeemsi kun adeemsa naayitiraayitii fi naayitiretiin gara gaasii naayitiroojiniittiitti jijjiiramu dha. Baakteeriyaan gocha kana raawwatu Kun baakteeriyaa naayitiroojineessuu (denitrifying bacteria) jedhama.  Baakteeriyaan kun oksiijinii malee kan jiraatan waan ta’eef biyyeen qilleensa  akka argatu gochuun adeemsa naayitiroojineessuu hir’isuun ni dandaa’ama.

                        NO2/NO3                          N2

Shaakala

  1. Faayidaa marsaa waantotaa ibsi.
  2. Gochaawwan dhalli namaa hojjetan keessaa kanneen marsaa bishaaniirratti  dhiibbaa fiduu dandaa,an ibsi.
  3. Biqiloonni kanneen akka baaqelaa fi ataraa biqiloota warreen biroo caalaa biyyee hir’ina naayitiroojinii qabu irraatti guddachuu ni dandaa’u kun maaliif ta’uu dandaa’a.
  4. Baakteeriyaan naayitireessuu, amoonessuu fi naayitiroojinii fkseessuu O2 fayyadamuun jigraatu. Biyyeen albuuda naayitiroojiniin  akka gabbatu qote bultoota maal gorsita ?

Fakkii 3.8 Marsaa Naayitiroojinii

3.8 Uummata (Population)

Gocha:jecha uummata jedhuuf hiika maalii kennita ?

Uummata jechuun garee orgaaniizimootaa miseensota sanyii tokkoo ta’anii yeroo fi iddoo murtaa’aa ta’e keessatti kan argamanii fi walirraa horuu kan dandaa’ani dha. Lakkoofsi uummata naannoo tokkoo dhaabbataa miti.Ikkooloojiin uummataa ikkooloojii orgaaniizimii fi ikkooloojii hawaasaa gidduutti argama.

3.8.1 Tooftaa qo’annoo uummataa

Gocha:Tooftaa akkamiitiin baay’ina uummataa bakka murtaa’aa jiru tokko beekuun akka dandaa’amu mar’idhaa.

Baay’ina uummataa karaa lamaan tilmaamuu/bira ga’uunni dandaa’ama.

  1. Hunda lakkaa’uu (total count)
  2. Eddatteessuu (sampling)
  1. Hunda Lakkaa’uu

Tokkoo tokkoon miseensota uummatabakka murtaa’e keessatti argaman hunda isaanii lakkaa’uun bira ga’uu dha. Tooftaa kanatti gargaaramuun  uummattoota miseensota akka malee baay’ee fi bakka bal’aatti argaman lakkaa’uun yeroo, humnaa fi baasii cimaa waan gaafatuuf baay’ee rakkisaa dha.

  1. Eddatteessuu

Tooftaan kun tooftaa eddattoo muraasa fudhatanii baay’ina uummata bal’aa ittiin tilmaamuu dandeenyu dha. Ikkooloojii keessatti qarxii (quadrats) fi tiraansektiin (transect) tooftaalee eddatteesssu baay’ee beekamoo dha.

  1. Qarxii

Uummata bal’ina naannoo murtaa’e keessa jiru eddatteessuuf kan nugargaaru dha. Qarxiin bocafi bal’ina adda addaan hojjettamuu ni dadaa’a. Qarxiin yeroo baay’ee baay’ina biqilootaa bakka murtaa’aa ta’e tokko keessa jiran  eddatteessuuf gargaara. Bal’ina naanoo tokkoo eddateessuuf haalawwan barbaachisoo ta’an akka armaan gadiiti.

  • Qarxii akka tasaa yeroo hedduu darbachuu
    • Battaluma qarxiin lafa bu’u sanyiin orgaaniizimii eddatteeffamuuf     barbaadamu qarxiii qo’annoo keessa jiraachuu isaaf dhabamuu isaa gabatee duraan qophaa’e keessatti galmeessu.
    • Xumura irratti giddu galeessa uummata qarxii darbatameen arganne kana uummata walii gala bal’ina murtaa’e sana keessa jiru tilmaamuu dha.
  • Tiraansektii

Tiraansektiinis  uummata bakka murtaa’aa ta’e tokko keessa jiru eddatteessuuf gargaara. Malli kun yeroo baay’ee jijjiirama gosa biqilootaa bakka irraan olee (hill side),haroo nam-tolchee (pond), handaara yokiin qarqara galaanaa (seashore) eddatteessuuf gargaara. Tiraansektiin bifa adda addaan gaggeeffamuu dandaa’ama.

  1. Xiyyaara fayyadamuu: Bineensota bosonaa tiraansektiin akka tasaa lakkaa’uun hundaa tilmaamuu.
  2. Tiraansektii deemmichaa (walked transect): Kun yeroo baay’e kan hojiirra oolu yeroo iddoo bal’ina xiqqaati.

3.9 Kunuunsa qabeenya uumamaa

Waantootni lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyii addunyaa kanarratti argaman fi lubbuu addunyaa kanaa utubanqabeenya uumamaa jedhamu. Kanaafuu waantonni akka bishaanii, qilleensaa, biyyee,albuuda,ifa aduu,biqiloota, bineeldota fi waantonni nuti itti gargaaramnu hundinuu qabeenya uumamaa jalatti hammatamu jechuu dha. Qabeenyi uumamaa kunneen  haaromuu/bakka bu’uu dandaa’anii fi hin dandeenye jedhamanii bakka lamatti qoodamu.

Gocha:

  1. Qabeenya uumamaa keessaa kan haaromuu dandaa’anii fi kan haaromuu hindandeenye irratti mari’achuun  addaan  qoodaa.Qabbeenya uumamaa kunuunsuu jechuun maal jechuu dha? Kunuunsuun maaliif barbaachise? Qabeenya uumamaa eenyutu kunuunsuu qaba ?

3.9.1 Kunuunsa Bishaanii

Lubbuun bishaan malee waan hin jiraanneef yeroo baa’ee bishaan maqaa masoo lubbuu jedhamuun waamama.Bishaan kan haaromu ta’ullee sababoota adda addaan faalamuu ykn gad xiqqaachuu ni dandaa’a. Bishaan faalame kana qulqulleessuun yeroo , humna namaa, beekumsaa fi qabeenya guddaa waan gaafatuuf ulfaataa dha.

Gocha: Waantota badii bishaanii fidan akkamitti ittisuun dandaa’ama?

3.9.2 Kunuunsa Biyyee

Biyyeen baqqaana dachee biqiloonni irratti guddatanii fi orgaaniizimoota xixiqqoo fi albuudota adda addaa jireenya biqilootaaf barbaachisan kan ofkeessatti qabate dha. Baqqaanni biyyee irra keessaa kan xaa’ummaa qabu kun humnoota uumamaa kan akka bubbee fi lolaan salphaatti dhiqamee baduu dandaa’a. Kanaaf gochaaleen dhala namaa kan akka qonna saayinsaawaa hin taanega’ee taphatu.

Gocha: Humnoota dhiqama biyyee fidan irratti mar’idhaa gabaasaa.

3.9.3 Kunuunsa bosonaa

Gocha: Bosona jechuun maal jechuudha?

Bosonni hawaasa baayoloojikaalaa mukeen gurguddoon dhuunfatame (tree dominated) ta’ee sanyii orgaaniizimoota dhibbaatamaan lakkaawaman kan hamate dha. Bosonni biyyee  fi albuudota isaa lubbu qabeeyyii adda addaaf barbaachisan wajjiin akka haramee hin deemne eeguu keessatti ga’ee bakka hin bu’amne taphata. Biqilootni yokaan bosonni qabeenya uumamaa haaromuu dandaa’an yoo ta’e iyyuu sanyiin isaanii kan badu yoo ta’e haaromsuun hindandaa’amu.

Gocha:1.  Faayidaa biqilootaa tarreessuun waliif ibsaa.

              2   Waantota manca’insa bosonaaf sababa ta’an tarreessaa.

Text Box: Piroojektii
Kitaabolee wabii adda addaa dubbisuudhaan rakkinoota addunyaa kanaa saba ciramuu yokaan manca’uu bosonaa waliin wal qabatee dhufuu dandaa’an  kan akka rakkoo wabii nyaataa, balaa adda addaaf saaxilamuu fi fayyaan namaa akkamitti akka dhufuu danda’u ballisaa ibsaa.

Gaaffilee Shaakalaa (Of madaallii) Boqonnichaa

  1. Garaagarummaa naannoo, bidoollee, sirnakkoo fi ikoloojii ibsa bal’aa kennaa
  2. Burqaan anniisaa jalqabaa sirnakkoo maali?
  3. Maalummaa sirnakkoo uumamaa fi nam-tolchee ibsaa.

4.      Paayoniiraan maali?

  • Adeemsa daddarbaa keessatti ga’een paayoniiraa maali?   

  3. Amaloota biqiloota paayoniiraa tarreessa

Gaaffilee armaan gadii funcaa soorataa armaan gadii irratti hundaa’uun deebisi

Midhaan         hantuut a           bofa              culullee

  •  Gulantaalee soorataa hagamtu funcaa soorataa kana keessa

               jiraa? tokkoon tokkoo isaanii   addaan baasi.

  • Soorattoon lammaffaa eenyu?

          c/ Soorattoon foonii tokkoffaan eenyu?

Gaaffilee armaan gadii Saaphuphee soorataa armaan gadii irratti hundaa’uun deebisi

                                             Culullee

                              Raacha                            Lootuu

                          Kuruphisa                        Leenca

                            Marga                                Bosonuu

  • saaphuupheen soorataa kun fuuncaalee soorataa meeqa qaba? 

                 Hunda isaanii tarreessi.

  • Tokkoon tokkoo fuuncaalee soorataa keessaa:-
    • Gulantaa soorataa 1ffaa,
    • Soorattoo jalqabaa,
    • Soorattoo foonii 1ffaa fi
    • Soorattoota 3ffaa baasaa
  • Hamma anniisaa gulantaa soorataa keessaa safaruu irratti piraamidoota sadan armaan olii keessaa isa kamtuu filatamaa dha? Maaliif?
  • Uumamaan kaarboniin eessattii fi haala kamiin kuufamee argama?
  • Lubbu qabeeyyii marsaa kaarboonii keessatti ga’ee qaban tarreessi
  • Orgaanizimoonni dandeettii CO2 atimoosfarii keessaa hir’isu qaban kami?
  • Tooftaalee CO2 atimoosfarii keessatti dabalaa akka hin deemne ittiin hir’ifamuu danda’an ibsi
  • Qooda fudhannaa bineeldotaa malee marsaan kaarboonii akkamitti xumuramuu akka danda’u ibsi. Qooda fudhannaa biqilootaa malee hoo marsaan kun xumuramuu danda’aa?
  • Marsaa kaarbonii keessatti adeemsawwan ijoo lamaan raawwataman maali?
  • Gosti qarxii fi baay’inni qarxii maal irratti hundaa’uun murtaa’a?

 
Guraandhala, 2006
 
Saayinsi Buu’uraa  (Kutaa Keemistirii)   BSC (Chem)102                                                                                                                                                                    BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA                      KOLLEJJII BARNOOTA BARSIISTOTAA MATTUU
 

 

Boqonnaa Tokko

1. Kompaawundoota  Inorgaanikii  Barbaachisoo

1.1. Seensa

Kompaawundiin walitti qabama elementoota lamaa fi isaa olii ta’ee reeshoo dhaabbataan adeemsa keemikaalaan kan qindaa’ee dha. Qabiyyee elementii fi amala kompaawundii irratti hundaa’uun kompaawundii Orgaanikaa fi Inorkaanikatti qooduu dandeenya. Boqonnaa kana keessatti waa’ee kompaawundoota inorgaanikii baranna. Kompaawundoota inorgaanikii (Oksaayidoota, Asiidota, Beezotaa fi Ashaboolee), hiikkaa fi amalootaa isaanii, akkaataa ittiin qophaa’an, faayidaa qabanii fi miidhaa isaan qaban ni ilaalla.

Qabiyyee                                                                                        Fuula

Boqonnaa Tokko. 1

1. Kompaawundoota  Inorgaanikii  Barbaachisoo. 1

1.1. Seensa. 1

1.2. Kompaawundii Inorgaanikii 5

1.2.1. Oksaayidoota. 5

1.2.1. 1 Akaakuu Oksaayidoota. 6

1.2.1.2. Qophii Oksaayidotaa. 8

1.2.2. Asiidota. 9

Seensa. 9

1.2.3. Beezota. 14

Kompaawundoota yommuu bishaan keessatti bulbulaman ayoonii haayidirooksaayidii (OH) uumanii dha. 14

1.2.4. Ashaboolee. 15

Qophii Ashaboo. 17

Boqonnaa Lama. 19

2.Elektirookeemistrii 19

2.1. Seensa. 19

2.2. Dabarsa Elektirikaa (Elektrical conduction) 20

2.2.1. Dabarsa elektiroonikaa. 20

2.2.2. Dabarsa Elektiroolaayitikaa (Electroolytic Conduction) 21

2.2.3. Wal-nyaatinsa Oksideeffama fi Rideekfama. 22

2.3. Elektiroolaayisii Bishaanii fi Soodiyeem Kilooraayidii 23

2.3.1. Elektiroolaayisisii Bishaanii 24

2.3.2. Elektiroolaayisisii NaCl 25

2.4. Seelii Gaalvanikii 28

2.4.1. Seensa. 28

2.4.2. Yaad rimeewwan bu’uraa seelii gaalvanikii 28

2.4.3. Kuusaa seelii 29

2.5.Seel- diyaagiramii 30

2.6 .Elektirodii fi kuusaawwan ridaakshinii 31

2.6.1. Hojiirra oolmaa seelola Gaalvanikii 33

2.6.1.1. Seel Baatirii 33

2.6.1.2. Baatirii 33

2.6.1.3. Seelii baatirii Lekilanche fi seelii maanganizii 34

2.6.1.4. Baatirii Meerkurii 35

2.6.1.5. Baatirii Liitiyemii 35

2.6.1.6 .Baatirii Liidii 35

2.6.1.7. Baatirii Niikaad. 35

Boqonnaa  Sadii 37

3.Keemistirii ,Induustirii fi  Faalama. 37

3.1.Seensa. 37

3.2.   Qabeenya uumamaafi  Induustirii 37

3.2.1.  Seensa. 37

3.2.2.  Qabeenya uumamaa bakka bu’uu danda’an (Renewable natural Resources) 38

3.2.3.Qabeenya uumamaa bakka bu’uu hin dandeenye (Non renewable natural resources) 38

3.3.   Warshaalee Etoophiyaa kesssaa tokko tokko. 38

3.4. Faalama Naannoo( Environmental Pollution) 41

3.4.1. Faalama Qilleensaa. 43

3.4.2.   Faalama Bishaanii (Water pollution) 44

1.  Faaltoota Keemikaalaa Bishaan. 45

Bishaan keemikaalaa adda addaattin ni faalama.Keemikaaloonni bishaan faalan faaltoota inorgaanikii fi faaltoota orgaanikii jedhaman beekamu. 45

I.Faaltoota inorgaanikii 45

II.Faaltoota orgaanikii 45

2. Faaltoota Fiizikaalaa Bishaan. 45

3.  Faaltoota Baayiloojikaala Bishaan. 45

3.4.3.Faalama Biyyee (Soil Pollution) 46

3.5.    Maloota Ittisa( To’annoo) Faalama,Qilleensaa, Bishaanii fi Biyyee. 47

3.5.1.    Maloota ittisa(To’annoo) Faalama Qilleensaa. 47

3 .5. 2.   Haala faalamni  bishaaniiittiin  to’atamuu. 48

3.5.3. Maloota ittisa (To’annoo )faalama biyyee. 48

Kitabilee wabii (References) 50

 


Boqonnaa Tokko

1. Kompaawundoota Inorgaanikii Barbaachisoo

KAAYYOO

Xumura boqonnaa kanaatti barataan:-

  • Kompaawundoota Inorgaanikii ni qooda.
  • Hiikkaa oksaayidoota, Asiidota, Beezotaa fi Ashaboolee ni beeka.
  • Amaloota kompaawundoota oksaayidoota, Asiidota, Beezotaa fi Ashaboolee ni hubata.
  • Qoodama kompaawundoota oksaayidoota, Asiidota, Beezotaa fi Ashaboolee ni beeka.
  • Garaagarummaa kompaaundoota inorgaanikaa gidduu jiru ni hubata.

1.2. Kompaawundii Inorgaanikii

Kompaawundiin inorgaanikii kompaaundii elementoota hundaa ta’ee kan orgaaniki hin dabalannee dha. Kompaawundiin inorgaanikii bakka gurguddoo afuritti qoodama. Isaanis Oksaayidoota, Asiidota, Beezotaa fi Ashaboolee jedhamanii qoodamu.

1.2.1. Oksaayidoota

Kompaawundootni atom-lamee oksijinii fi elementii biroo irraa uumaman oksaayidoota jedhamu.

Yaada marii:

Tempireechera dareetti elementootni oksijinii waliin wal-hin nyaatne jiruu ? yoo jiraatan fakkeenya kenni !

Elementii   +   Oksijinii                            Oksaayidii

 Fkn     2C  + O2                                        2CO

           2Mg  + O2                           2MgO

1.2.1. 1 Akaakuu Oksaayidoota

Oksaayidoota amaloota isaanii irratti hunda’un akka armaan gadiitti qoodu ni dandeenya.   

Isaanis:-

  • Oksaayidoota Asiidawoo
  • Oksaayidoota Beezawoo
  • Oksaayidoota Asiidoo-beezawoo
  • Oksaayidoota Hinbaabsawoo
  • Peroksaayidotaa
  • Supper oksaayidoota ta’u.

Oksaayidoota Asiidawoo

Walnyaatinsa sibiilaalota hedduun fi oksijinii gidduutti gaggeeffamuu oksaayidoota asiidawoo kena. Oksaayidoonni asiidawoo asiidii bishaan dhabeeyyiijedhamu.

  Sibiilaala + Oksijinii  Oksaayidii Asiidawoo

             Fkn:     4P + 5O2  2P2O5

                           S  + O­2 SO2

Gaaffii: Oksaayidootni sibilaalaa marti oksaayidoota asiidawoo dhaa? Fakkeenya  kenna!

Amaloota oksaayidoota Asiidawoo

  • Bishaan wajjin walnyaachuun asiidii kennu.
  • Beezii wajjiin walnyaachuun ashaboo fi bishaan kennu.

Oksaayidii asiidawoo + beezii  ashaboo     +   bishaan

              SO3 + Ca (OH)      CaSO4      +    H2O

              CO2 + 2NaOH        Na2CO3 + H2O      

  • Amala kompaawundii kovaalaantii qabanii dha.
  • Salphaatti gara hurkaatti jijjiiramu.

Oksaayidoota Beezawoo

Walnyaatinsa sibiilota hedduun fi oksijinii gidduutti gaggeeffamuu oksaayidoota beezawoo kena. Oksaayidoonni beezawoon beezii bishaan dhabeeyyiijedhamu.

             Sibiila + Oksijinii   Oksaayidii beezawoo

           Fkn:-  4Na  + O2  2Na2O

                      2Ca + O2  2CaO

Gaaffii marii: Oksaayidootni sibiilaa kanneen beezawoo hin taane nijiruu? Yoo jiraatan fakkeenya kenni!

Amaloota Oksaayidoota Beezawoo

  • Bishaan wajjiin walnyaachuun beezii kennu.

Oksaayidii beezawoo + Bishaan    Beezii

    Fkn:-     Na2O  + H2O         2NaOH

                CaO + H2O          Ca(OH)2

  • Asiidii wajjin walnyaachuun ashaboo fi bishaan kennu.

                       Oksaayidoota beezawoo + Asiidii  Ashaboo + Bishaan

                        Fkn: – MgO + H2SO4  MgSO4 + H2O

                                 Na2O + 2HCl   2NaCl + H2O

  • Oksaayidootni beezawoo kompaawundoota hidhoo ayoonikii qabanii dha.
  • Faalkaa jajjabootiin argamu.

Oksaayidoota Asiidoo-Beezawoo

Oksaayidootni asiidoo-beezawoo elementoota daangaa sibiila fi sibiilaalaa gidduutti argamanii fi oksijinii gidduutti kan uumamuu dha.Oksaayidootni kun amala beezii fi asiidii kanneen qabanii dha. Fkn, Al2O3, ZnO, SnO fi kkf

 Gaaffii marii: Walqixxaattota keemikaalaa kan wal-nyaatinsa oksijinii fi elementii biroo  oksaayii kana kennan barreesaa! 

Amaloota oksaayidoota asiidoo-beezawoo

Oksaayidootni asiidoo-beezawoo asiidii fi beezii wajjin walnyaachuun ashaboo fi bishaan kennu.

Fkn: – Al2O3 + H2SO4  Al2(SO4)3 + H2O

          Al2O3 + 2NaOH  2NaAlO2 (soodiyem alumineetii) + H2O

            Oksaayidoota Hinbaabsawoo

Oksaayidootni hinbaabsawoo kan uumaman walnyaatinsa elementoota sibiilaalaa muraasa fi oksijinii gidduutti uumamanii dha.

 Fkn:-  CO, H2O, N2O, NO fi kkf dha.

Oksaayidootni hinbaabsawoo asiidii waliiniis ta’e beezii waliin walnyaatinsa hin gaggeessan, halluu agarsiistoota hin jijjiiran.

               Peeroksaayidootaa

Peeroksaayidootni oksaayidoota oksijiiniin lama hidhoo koovaalentii qeenxeen kan walitti hidhamee fi lakkoofsa oksideeshinii oksijiinii (-1) ta’e dha. kunnis (O—O)2- ibsama.

  Fkn:- H2O2, Na2O2, BaO2, K2O2 kkf dha.

Gaaffii marii: Amaloota peeroksaayidotaa kitaaba wabii dubbisuun dareef gabaasaa!

Supper oksaayidoota

 Oksaayidoota oksijiinii atamoota lama kan hidhoo koovaalentii qeenxeen walitti hidhee fi kan lakkoofsi oksideeshinii oksijiinii (- ) qabu dha. Fkn:- KO2, NaO2, RbO2 kkf

1.2.1.2. Qophii Oksaayidotaa

Oksaayidootni wal-nyaatinsa keemikaalaa oksijinii fi elementootaa biraa gidduutti gaggeeffamuun kan uumamanii dha.

Gaaffii marii: Maloota oksaayidootni ittiin qopha’an

  1. Adeemsa kallattii keessattii fakkeenya lama kennun ibsi!
  2.  Adeemsa alkallattiitiif fakkeenyaa  shan kennun  ibsi

Gaaffilee Shaakalaa

Gaaffilee armaan gaditti kennamaniif deebii sirriidha jettee yaaddu filadhu.

1. Oksaayidoota armaan gadii keessaa kamtu asiidawoo dha?

     I) CrO3         II) NiO          III) Mn2O7           IV) SO2        V) CO 

     A) I, III, IV                     B) I, II          C) III, IV            D) III, V

2. Kanneen armaan gadii keessa isaan kamtu bulbula soodiyeem haayidirooksaayidii waliin   

    walnyaatu ?    I/ Al2O3       II/ SO2              III/ CaO              IV/ ZnO

    A) I, II, IV    B) II, III, qofa        C) IV qofa           D) I, III, IV

3. Cimdiiwwan armaan gadii walduraa duubaan supperoksaayidii kan ta’e kami? 

   A) CaO2, BaO2       B) KO2, RbO2    C) Na2O2, K2O2       D) CO2, KO2

4. Oksaayidii kamtu qabiyyee dhibbantaa hangaa oksijiinii %50 qaba?

     A) CO              B) N2O         C)       SO2                D) CO2

5. Elementoota armaan gadii keessaa tempiireechara dareetti oksijiinii wajjin walnyaatinsa kan

    Hin geggeessine kami?  A) Na       B) C              C) Pt                 D) Li

1.2.2. Asiidota

     Seensa

Jechi asiidii jedhu kan argame jecha Laatinii ‘asiidas’ jedhu irraati. Asiidas jechuunis dhangagga’aa jechuu dha. Asiidotni baayy’een jireenya dhala nama kan guyya guyyaa keessatti faayidaa guddaa kennu.

Gaaffii marii: Wantoota naannoo keessaaniitti argamanii kanneen asiidii of keessaa qaban       tarreessuun  daree keef ibsi.

Amaloota asiidota

Asiidotaaf hiika gabaabaa isaan ibsuu danda’u waan hin jirreef amaloota isaanini adda baasna.

Amalli asiidoonni qaban kanneen armaan gadiiti

  1. Bulbulli asiidota bishaan kessatti dhangagga’aa dha.

Dhandhamni dhangagga’aan amala asiidii hundaa ti. Haata’u malee asiidotni tokko tokkoo   summaawoo waan ta’aniif dhandhamuun dhorkaa dha.

2. Asiidootni halluuwwan agarsistootaa ni jijjiru.

Agarsiistoota fi taatee isaan qaban

AgarsiistootaLitimasii CuquliisaLitimasii DiimaaMitaayilii burtu -kaanawaaFeenoftaalinii
Jijjiirama halluuDiimaaHin jijjiramaDiimaatti jijjiramaJijjiirama halluu hin agarsiisuu

Gabatee 1:- Taatee agarsiistootni asiidoota irratti qaban agarsiisu

Hub: Jijjiiramni halluu agarsiistoota kan uumame asiidii keessaa ayooniin haayidiroojinii (H+)   

        waan jiruufi. 

Piroojektii: Wantoota naannoo keessaaniitti argaman irraa agarsiisoota qopheessuun taatee isaan

                    asiidota fi beezota keessatti qaban daawwaadha!

  • Asiidootni bishaan keessatti bulbulamanii ayoonii haayidiroojinii ( H+) kennu.

Bishaan    Ayoonii haayidiroojinii (H+) + Ayoonii biroo

Fkn:- HCl        H+   + Cl

Asiidii pirooton tokkee: – Asiidota bishaan keessatti yoo bulbulaman  ayoonii       haayidiroojinii  tokko qofa kennanii dha                                        

                                    Fkn: – HCl, HNO3, HF, HCN, CH3COOH, HCOOH, fi kkf

Asiidii pirooton lamee:-Asiidota bishaan keessatti yoo bulbulaman ayoonii haayidiroojinii

                                        lamaa kennanii dha.

                                   Fkn: – H2SO4, H2CO3, H2SO3, H3PO3, H2S, H2CrO4, H2C2O4 fi kkf dha.

Asiidii pirooton sadee:-Asiidota bishaan keessatti yommuu bulbulaman ayoonii   

                                        haayidiroojinii sadii kennanii dha.

                                       Fkn: – H3PO4, H3AsO4 fi kkf

Asiidii pirooton baayyee:- Asiidoota bishaan keessatti yommuu bulbulaman ayoonii haayidiroojinii sadii ol kennanii dha.

                                                Fkn:- H4SiO4

  1. Asiidotni gatii pH 7 gadii qabu.

pH n Cunqawaa ayoonii haayidiroojinii bulbula bishaan qabu irra herregama. Gulantaan pH   0 hanga 14 ti.

  • asiidummaa fi beezummaan wantootaa kan ibsamu gatii pH irratti hundaa, uudhaani.
  •  gatiin pH guddaan beezummaa cimaa agarsiisa, gatiin pH xiqqaan asiidummaa cimaa agarsiisa.

Kana jechuun  pH < 7, Asiidii ta’uu ibsa

pH  > 7, Beezummaa ibsa

pH = 7,  Hinbaasawoo ta’uu ibsa

  Gatii pH kana immoo agarsiistoo hundummaa (universal indicator) tilmaamuun ni danda’a.

Gulantaa pH0-45678910-4
Halluu agarsiistoo hundummaaDiimaaBurtu kaanaaKeellooMagariisaCuquliisaIndiigooparpili

                          Asiidummaa cimaa                                    Beezummaa cimaa        

                                                                        Hinbaasawaa                        

Gabatee 2- Gulantaa pH halluu agarsiistoo hundoomaa

5. Asiidootni sibiiloota si’aawoo wajjiin walnyaatanii haayidiroojinii fi ashaboo uumu.

 Sibiila si’aawaa + Asiidii callabbaa’aa → Ashaboo + Haayidiroojinii

        Fkn:-   2HCl + Mg → MgCl2  +  H2

                    Fe + H2SO4 → FeSO4 + H2

                    Zn + H2SO4 → ZnSO4 + H2

  • Sibiilootni si’aa’inni isaanii haayidiroojinii gadii ta’e asiidii callabbaa’aa keessaa gaasii haayidiroojinii baasuu hindanda’an.

Gaaffii: Dandeetti si’ayina isaanii irratti hunda’un sibiilota asiidii keessaa haayidiroojinii               baasuu baasuu danda’anii fi hindandeenye ibsi.

6. Asiidootni beezota wajjiin walnyaachuun ashaboo fi bishaan kennu

  • Walnyaatinsa asiidoota fi beezota giddutti godhamu walnyaatinsa hinbaasawoo jedhama.                

                   Asiidii + Beezii → Ashaboo + Bishaan       

            Fkn: – HCl + NaOH → NaCl + H2O

  • Walnyaatinsa hinbaabsawaa kana keessatti H+ n asiidii fi OH n beezii bishaan uuma.

             H+  + OH → H2O

Gaaffii: Walnyaatinsi asiidii fi beezii giddutti taasifmu maaliif wal-nyaatinsa  

  hinbaasawaa jedhame ?

7. Asiidotni kaarbooneetota ykn baaykaarbooneetotaa wajjin walnyaachuun               kaarboondaayoksaayidii   kenna

Kaarbooneetootni ayoonii kaarbooneetii (CO32-) fi baaykaarbooneetootni immoo ayoonii baaykaarbooneetii (HCO3) of-keessaa qabu.

Kaarbooneetii/Baaykaarbooneetii + Asiidii   →     ashaboo + kaarboonik asiidii

Fkn: – K2CO3 + H2SO4 →     K2SO4 + H2CO3

Kaarboonikii asiidiin asiidii sukaa’aa waan hin taaneef diigamuun CO2 fi bishaan kenna.

                   H2CO→  CO2  +  H2O

Kanaaf, walnyaatinsi armaan oli yeroo barreeffamu kan inni ta’u:

 K2CO3 + H2SO4 →    K2SO4 + CO2 + H2O

Waluuma galatti asiidiin kaarbooneetotaa fi baaykaarbooneetota wajjin walnyaatee ashaoo, kaarboon daayoksaayidii fi bishaan kenna.

Fakkeenyaaf:- HNO3 + NaHCO3 → NaNO3 + CO2 + H2O

                        2HCl + CaCO3→ CaCl2 + CO2 + H2O

                        H2SO4 + Ca(HCO3)2 → CaSO4 + 2CO2 +2H2O

8. Asiidotni Elektiroolaayitoota.

                                         Qoodama Asiidotaa

Sadarkaa ayoona’uu isaanii irratti hundaa’uun asiidootni bakka lamatti qoodamu. Isaanis:-

  1. Asiidoota cimoo fi B) Asiidoota dadhaboo jedhamu.
  1. Asiidoota cimoo

Asiidootni guutumma guutuutti ykn sadarkaa olaanaan bishaan keessatti ayoona’anii dha. Asiidootni cimoon bishaan keessatti akka molakiyuulaatti osoo hin ta’in akka ayooniitti argamu.

Fkn:- HCl, HNO3, H2SO4, HClO4 kkf

                         HNO3  → 

  • Asiidoota dadhaboon

Asiidootni bishaan keessatti sadarkaa gad-aanaa ayoona’anii ykn asiidootni bishaan keessatti guutuma guutuutti hin ayoonoofnee ykn asiidootni bishaan keessatti hanga tokko ayoona’aanii dha. Asiidotni dadaboon bishaan keessatti harka caaluu akka molakiyuulatti argamu.

Fkn: – H2CO3, CH3COOH, H2S,HF, H3PO4, kkf

            H2CO3    

Cimina Asiidotaa

Sadarkaa ayoona’uu isaanii irratti hundaa’uun asiidotni bakka lamatti qoodamu. Isaanis:-

  1. Asiidota cimoo                    B. Asiidota dadhaboo jedhamu.

A. Asiidota cimoo

Asiidotni guutumatti yookiin sadarkaa olaanaan bishaan keessatti ayoona’anii dha.

Fakkeenyaaf:- HCl →H+(aq)+ Cl(aq)

             HNO3→ H+(aq) +   NO3(aq)

             H2SO4 →2H+(aq) + SO42-(aq)

Asiidotni kunniin bishaan keessatti akka molakiyulaatti osoo hin ta’in akka ayooniitti argamu.

B. Asiidota dadhaboon

Asiidota bishaan keessatti sadarkaa gad-aanaa ayoona’anii dha. Asiidotni dadaboon bishaan keessatti harka caaluu akka molakiyulatti argamu.

Fkn: – H2CO3           2H+(aq) + CO32-(aq)

Asiidootni hamma bishaan of-keessaa qaban irratti hundaa’auudhaan bakka lamatti qoodamuu ni danda’u. Isaanis: A) Asiidii cunqoo fi B) Asiidii callabaa’aa

  1. Asiidii cunqoo: – Asiidii baayy’ee fi bishaan murasaa kan of keessa qabu dha.

                                  Fkn:-  H2SO4  cunqoon 98% H2SO4 fi 2% H2O kan qabu dha. CH3COOH    cunqoon immoo 99% CH3OOH fi 1% H2O irraa uumama

  • Asiidii callabaa’aa:-Asiidii murasaa fi bishaan baayy’ee kan ofkeessaa qabu dha.

                        Fkn:- CH3OOH callabaa’aan 37% CH3OOH fi 63% H2O irraa uumama

      Gaaffilee: Bulbula HCl 5% ta’e asiidii cimaa, dadhabaa, Callabba’aa dha moo cunqoo dha?              

Asiidootni akaakuu uumamaa isaan irratti hundaa’uudhaan bakka lamatti qoodamu.

  Isaanis:- A) Asiidii Orgaanikii fi  B) Asiidii Inorgaanikii

  1. Asiidii Orgaanikii: – Asiidoonni orgaanikii kompaawundoota haayidirookaarboonii (H fi C) irraa uumamu. Orgaanikii asiidiin garee ma’ii baasi kaarboozayilii (-COOH) qabu. Orgaanikii asiidiin kun immoo kaarboozilikii asiidii jedhama. Kaarboozilikii  asiidii wantoota uumama keessaatti kan akka biqiloota, bineeladoota fi ilbisoota keessatti ni argama.

Fkn:- HCOOH, CH3COOH, CH3CH2CH2COOH kkf

  •  Asiidii Inorgaanikii ykn Asiidii Meeneraala:- Asiidii Inorgaanikiin meeneraaloota fi kattalee irraa argamu.                                                

                                                            Ortaa sillikii asiidii

Fkn: HCl, H2SO4, HNO3, H3PO4, H4SiO4 kkf

Baayyina elementii ykn anayoonii asiidiin ofkeesaatti qabu irraatti hunda’uudhan bakka lamatti qoodamu. Isaanis:- A) Asiidii atoom-lamee fi  B) Asiidii atoom-sadee

  1. Asiidii atom-lamee:- asiidiin kun akaakuu elementoota garagaraa lama ykn elementii tokkof fi anayoonii tokko ofkeessatti  qabate kan jiru dha.

Fkn: HCl, HF, HBr, H2S, HCN kkf

  • Asiidii atom-sadee:-Asiidiin kun elementoota kan akka haayidiroojinii, oksijiinii fi sibiilaaloota kan akka N, S, P, Cl, Br, I fi kkf kan ofkeessaa qabu dha.Asiidii sadeen kun Oksoo asiidii jedhamuun beekama. Fkn: H2SO4, HNO3, H3PO4, HClO4, HClO2, HBrOfi kkf ta’u.

Pirojektii: Adeemsa qophii asiidotaa kitaabota wabii dubbisuun dareef gabaasaa.

1.2.3. Beezota

 Kompaawundoota yommuu bishaan keessatti bulbulaman ayoonii haayidirooksaayidii (OH) uumanii dha.

Fkn: – NaOH, KOH, Ca(OH)2, Ba(OH)2 fi kkf

Beezotni dandeetti bulbulamuu garaagaraa qabu. Fkn beezota alkaalii jedhaman bishaan keessatti kannen bulbulamaniidha. Fkn:- NaOH, KOH fi Ca(OH)2

Gaaffii: Beezota bishaan keessatti sadarkaa gad – aanaatiin bulbulaman adda baasuun fakkeenya              kennaa!

Amaloota Beezotaa

Beezotni akka waliigalatti amaloota armaan gadii qabu. Isaanis-

  1. Bulbulli beezota hadhawaadha. Beezota tokko tokko harkaan qabamus ta’e dhandhamuun balaa fida.
  2. Harkaan yoo qabanus akka saamunaa ni mucucaata.
  3. Beezotni halluuwwan agarsiistoota ni jijjiiru.
AgarsiistuuLitimasii DiimaaLitimasii CuuquliisaMitaayilii burtu -kaanawaaFeenoftaalinii
Jijjirama halluuCuquliisa  jijjirama hin qabuKeelloo Piinkii

Gabatee 3- Taatee agarsiistootni beezota irratti qaban

  • Beezotni bulbula bishaanii keessatti ayoonii haayidirooksaayidii ni kennu.

Fkn:- NaOH  +  H2O  → Na+ + OH

           KOH + H2O   →   K+(aq) + OH(aq)

           NH4OH + H2O → NH4+(aq)+ OH(aq)

           Ca(OH)2+ H2O  → Ca+2(aq)+ 2OH(aq)

  • Gatiin pH beezota 7 olii qabu

Gatiin pH yoo dabalaa deeme beezumman ni dabala.

Gaaffii:-Asiidummaa hoo yoo gatiin PH dabale maal ta’a?

  • Beezotni asiidii wajjiin walnyaatanii ashaboolee fi bishaan ni uumu.

Beezii + Asiidii → Asaboo + Bishaan

Fkn: – Ba (OH)2 + 2HNO3 → Ba(HO3)2 + 2H2O

          Ca (OH)2 + H2SO4 → CaSO4 + 2H2O

Akkasumas beezotni asiidota bishaan dhabeeyyii wajjiin walnyaachuun ashaboo fi bishaan ni kennu

Beezii + Oksaayidii asiidawoo → ashaboo + bishaan

Fkn:- 2KOH + CO2  → K2CO3 + H2O

           Mg (OH)2 + SO2 → MgSO4 + H2O

Hojii piroojektii

Kitaabilee wabii adda addaa dubbisuun

  1. Cimina beezotaa
  2. Beezotni akkaata ittiin qophaa’a
  3. Faayidaalee beezota beekamoo  tokko tokko kanneen akka NaOH, KOH, Ca(OH)2 , bulbula ammoniyaa fi
  4. Of eegannnoo yeroo beezota fayyadamnu gochuu qabnu oddeeffannoo walitti qabachuun daree keetiif gabaasi

1.2.4. Ashaboolee

Yaada marii

Gaaffilee armaan gadii irratti mari’achuun fi kitaabilee wabii dubbisuun waan irra geessan garee gareen dareef gabaasaa

1. Ashaboo jechuun maal akka ta’e fakkeenya waliin ibsi

2. Wal-nyaatinsi hinbaabsesswuu asiidii fi beezii gidduutti gaggeeffamu maal kenna?

Ashabooleen kompaawundoota ayoonota pozatiivii beezota irraa argamanii fi ayoonota neegatiivii asiidota irraa argaman irra uumamanii dha.Albuudonni baayy’een ashaboo dha.

Fkn: – NaCl, CaSO4, Al2(SO4)3, KNO3, KCl, Na2S fi KKf

Ashaboon firii walnyatinsa asiidii fi beeziiti. Ashabooleen dirraa lafaa keessatti baay’inaan argamu.

Ayoonotni pozatiivii ashaboolee KCl, Na2S, NH4F, Al2(SO4)3 tartiiban K+, Na+, NH4+, Al3+ yoo ta’an ayoonotni negatiivii ashaboolee kunniin irraa uumamaman tartiiban Cl,S2-,F,SO42- ta’u.

Gaaffii: – Asaboolee armaan oliitt fi beezii isaan irraa uumamaan adda baasaa!

Akaakuu Ashaboolee

Amala ashaboolee qaban irratti hundaa`uun bakka saditti qooduun ni danda’ama.

Isaaniis: – A. Ashaboolee idilee (Normal Salts)

                B. Ashaboolee Asiidawaa (Acidic salts)

                C. Ashaboolee Beezawaa (Basic Salts)

  1. Ashaboolee Idilee

Ashaboo idileen kan uumamu ayoonii haayidiroojinii asiidii (H+) fi ayoonii haadirooksaayidii beezii (OH) guutuummaa guutuutti pozativii  ayoonii sibiila (Mn+) ykn amooniyeem ayoonii (NH4+)  fi negativii ayoonii asiidiin yoo bakka bu’ee dha. Jehuun ashaboon idilee H+ ykn OH

of-keessaa hin qabu.

Fkn: – NaCl → soodiyem kilooraayidii, Na2SO4 →soodiyem salfeetii,  

          KNO3 →pootasiyem naayitireetii, KCl →Pootaasiyem kilooraayidii k.k.f.dha

  • Ashaboolee Asiidawaa

Ashabooleen kun ayoonii H+ asiidii keessaa gartokkeen qofti ayoonii pozativii sibiilaatiin ykn ammoniyeemiin yoo bakka bu’ame kan uumamuu dha.

Fkn: – NaHSO4– soodiyem baaysalfeetii

        KHCO3 – pootasiyem baaykaarbooneetii

        Ca(HCO3)2 – kalsiyem baaykaarbooneetii

        NaHCO3 – Soodiyem baaykaarbooneetii

Ashaboon asiidawaan asiidii piroootoon lamee fi pirooton sadee irraa uumamu ni danda’a. mee gabatee armaan gadii haa ilaalu.

Ashaboo asiidawaaAsiidii irraa uumameAkaakuu asiidii irraa uumama
NaHSO4H2SO4Pirooton lamee
KHCO3H2CO3Pirooton lamee
NaH2PO4H3PO4Pirooton sadee

Gabatee-5: Asiidota ashaboon asiidawaa irraa uumam an agarsiisu

Gaaffii– Faayidaalee  ashabooleen asiidawaa qaban ibsi

  • Ashaboolee Beezawaa

Ashaboolee yommuu haayidirooksaayidiin ayoona’an beezota gariin isaanii ayoonii negativiitiin yoo bakka bu’ame uumamanii dha.

Fkn: – Pb(OH)2  → Pb(OH) Cl – liid kilooraayidii beezawaa

       Al (OH)3 → Al ( OH)2NO3– Aluminiyeem Naayitireetii beezawaa

Ashabooleen gama biraatiiniis qoodauun ni danda’ama.Isaanis:

1. Ashaboolee gos lamee (Binary salts)

2. Ashaboolee gos sadee (Ternary salts)

1. Ashaboolee gosa lamee

Ashabookeeb gos lamee ashaboolee elementoota gosa lama qofarraa uumamanii dha.

Fkn:-  NaCl, K3N, ZnS, MgBr2, CaS, Al2S3, NiS kkf

2. Ashaboolee gos sadee

Ashaboolee elementoota gosa sadii qofaa irraa uumamanii dha.

FKN- Al2(SO4)3  – Elementoota Al, S, O

  • Zn (NO3)2         “              Zn, N, O
  • Na3PO4               “             Na,P,O

 Qophii Ashaboo

Ashaboo karallee heddu qopheessuun ni danda’ama. Kannen ijoo ta’an:

  1. Kallattidhan elementoota walnyaachisuu.
  2. Sibiila  + Sibiilaala                   Ashaboo

Fkn: 2Na   + Cl2                    2NaCl   

  • Walnyaatinsa hinbaabsawa dhan
  • Beezii + Asiidii                    Ashaboo + Bishaan

Fkn: 2NaOH   + HCl                    NaCl   + H2O

  • Sibiila si’awoo asiidii wajjin walnyaachisuun.
  •  Sibiila si’awoo + Asiidii                    Ashaboo + Haayidiroojinii

Fkn: 2Na   + 2HCl                     2NaCl   + H2 (g)

  • Kaarbooneetii ykn baaykaarbooneetii asiidii wajjin walfudhaachisuun.
  • Kaarbooneetii  +  Asiidii   →   Ashaboo  + kaarboondaayoksaayidii + Bishaan

FKn:  K2CO3 + H2SO4 →     K2SO4 + CO2 + H2O

  • Baaykaarbooneetii + Asiidii →Ashaboo + kaarboondaayoksaayidii + Bishaan

FKn: HNO3 + NaHCO→ NaNO3 + CO2 + H2O

  • Sibiiloota ulfatoo asiidoota oksideessaa wajjin walfudhaachisuun.
  •   Sibiiloota ulfatoo + Asiidii oksideessaa          Ashaboo + Gaazii oksaayidii + Bishaan         

3Cu  +  8HNO3 (callaba’aa)                      3Cu(NO3)2   +   2NO  +  4H2O

Cu  +  4HNO3 (cunqoo)                      Cu(NO3)2   +   2NO2  +  2H2O

Cu  +  2H2SO4 (cunqoo)                      CuSO4   +   SO2  +  2H2O

  • Ashaboo hin bulbulamne ashaboo bulbulamu irraa qopheessuu.

 K2SO4 (aq) + BaCl2 (aq)                       2 NaCl (aq) + BaSO4 (s)     

Gaaffileee Shaakalaa

Gaaffilee armaan gaditti kennamaniif  deebii sirri ta’ee filadhuu

  1. Asiidota armaan gaditti kennaman keessa kamtu farsoo dhangagga’aa keessatti argama.
  2. Foormikii asiidii   B) Aseetikii asiidii                C) Kaarboonikii asiidii     D) Siitiriikii asiidii
  3. Asiidota armaan gaditti kennaman keessa kan asiidii dadhabaa ta’e adda baasi?

I) HCl     II) CH3COOH     III) H2SO   IV) H3PO     V) HNO3             VI)  HClO4        VII) H2S

A) I,III, IV, V, VI   B)I, II, IV,VI, VII             C)  II, IV, VI, VII     D) II, IV,VII

  • Kamtu sobaa miti?                    
  •  Kompawundiin haayidiroojinii ofkeessa qabu kamu asiidii dha.
  •  Asiidiin  cimmoon bishaan keessatti suuta diigamu.
  •   Sibiilonni si’ayyini isaanii haayidiroojinii gadi ta’e asiidii keessa gaazii haayidiroojinii baasu.
  •   Gatiin pH yeroo hirachaa deemuu amalli asiidumma dabalaa deema.
  • Kannen armaan gaditti kennaman keessa baazii dadhabaa kan ta’e kami?

A) NaOH                  B) KOH              C) NH                             D) B(OH)3       

  • Armaan gadiittii kanneen kennaman keessa kamtu seerri dha?

      A) CH3COOH – Asiidii pirootoon tokke        B) FeCO3 – Ashaboo idilee          

       C) NH4Cl – Ashaboo beezawoo                   D) Al(OH)Cl2– Ashaboo asiidawoo

  • Ashaboo kaalsiyeem saanayidii  keessatti  ayoonii nagativii asiidii isaa eenyu?

                    A)  N3-                  B) C4-                     C)  CN–                                D) HCN

  • Kanneen armaan gadii keessa kamtu amala asiidoota mit?

A) Litimesii cuquliisaa gara diimaattii jijjiru.

B) Bishaan wajiin walmakuun ashaboo uumu.

  • Beezii hinbaabsuuf ni tajaajilu.
  • Yeroo bishaan keessatti bulbulammaan H+ yookaan H3O+ kennu

8.    Asiidota armaan gadii keessaa pirootona lamee kan ta’e kami?

         A.H3PO2    B.H3PO3     C.H3PO4    D.HCOOH

9.     Bulbulli bishaan baayyee fi asiidii muraasa of-keessaa qabu maal jedhama?

        A.Asiidii cimaa    B.Asiidii Cunqoo   C.Asiidii Callabbaa’aa   D.Asiidii dadhabaa

10.  Sibiilotni Supper Oksaayidii uuman sibiilota alkaalii qofa dha.

       A.Dhugaa     B.Soba

Boqonnaa Lama

2.Elektirookeemistrii

2.1. Seensa

Elektirookeemistrii damee keemistrii kan haariroo elektirikstii fi wal-nyaatinsa keemkaalaa  gidduu jiru qo’atuu dha .Innis adeemsawwan lama kanneen  wal-nyatinsa ridooksi of-keessaa qaban irraatii hunda’a

  1. Wal-nyaatinsa keemikaalaa irraa annisaa elektirikaa maddisiiauu
  2. Annisaa elektirikaafayyadamun  jijjiirama keemikaalaa uumuu ta’a.

Elektirookeemistiriin jiruu fi jireenya ilmaan nama guyyaa guyyaa keessatti  gaheeolaanaa qabu.Faakkeenyaaf  baatiriwwan kankoolaataa,raadiyoo,sa’atii kaalkuleterii fi kkf wal-nyaatinsa elektirookeemistrii irrattii hunda’u.keemikaalotni barbaachisoon ta’an kan akka soodiyeem haaydirooksaayidii,Alumiiniyeemii,kilooriinii fi kkf  adeemsawwan elektiroolayitikiin qopha’u.

Boqonnaa kana keessaatii dabarsummaa elektirikaa,adeemsa wal-nyatinsaii keemikaalaa annisaa elektrikaa maddisisuu fi adeemsa annisaa elektirikaa wal-nyaatinsaa keemikaalaa uumuu hamma tokko baranna.

Kaayyoo Gooree :-xumura boqonnaa kanaattii

  • Hiikoo elektirookeemistirii ni kennita
  • Garaagarummaa dabaroo elekitrikaa fi miti-daraboo elektirikaa addan ni baafata.
  • Fakkeenyaawwan wantootaa  dararsoo elektirikaa ta’an  fi miti-dabarsoo elektirikaa ta’an ni kennita
  • Gasoota dabarsa elektiriikaa ni tarreessita
  • Hiikoo oksideeffamaa, ridkfamaa, oksideesituu fi  rideeksituu  ni  kennita
  • Jijjirammaa lakkoofsa oksideeshinii fayyadamuun wal-nyatinsa ridoosii addan ni baafata
  • Hiikoo elektiroodii ,anoodii,kaatoodii, anaayonii, kaatayoonii,elektiroolaayitii,

miti elektiroolaayitii, elektiroolyisisii, seelii galvaanikii ni kennita.

  • Garagarummaa seelii elektirolaayitikii fi galvaaniikii addan ni baafata.
  • Elektirolaayisii bishaann,birinii(brine) fi bulbula NaCl callabba’aa ni ibsita
  • Seeraa faradayii ni himta
  • Shallagii elektiroolaayisisiin wal-qabatu muraasa ni shallagda
  • Hiikoo fi fakkeenyawwan Baatirii sad 1ffaa fi 2ffaa ni kennita
  • Faayidalee seelii galvaanikii  hamma tokko  ni ibsu
  • Gasoota baatiriiwwan  beekamoo ta’an fakkeenya waliin ni addeesita.
  • Garaagarummaa baatiriiwwan  kannaanii addaan ni baafata.

2.2. Dabarsa Elektirikaa (Elektrical conduction)

Dabarsi elektirikaa adeemsa elektirisitiin wantoota keessa darbuu dha. wantootni daandii elektirikitii of-keessa dabarsuu danda’an dabarsoo elektirikaa (electrical conductors) jedhamu. Fkn: – Sibiilota, gariin sibiilota, giraafayitii, bulbula kompaawundoota ayoonikii fi bulbula kompaawundoota koovaalentii poolara’oo ta’u.Wantootni daandii elektiriksitii of-keessa dabarsuu hindandeenye miti-dabarsoo elektiriikaa (Insulators) jedhamu.

Fkn:- Bulbula sukkaaraa,Gaasolinii, Alkoolii, Pilaastikii if kkf ta’u.

Dabarsi elektiriikaa karaalaman ta’u ni danda’a.

  • Dabarsa elektiroonikaa(Eletronic Conduction)
  • Dabarsa elektiroolaayitikaa(Electrolytic Conduction)

2.2.1. Dabarsa elektiroonikaa

Dabarsi elektiroonikaa gosa dabarsa elektiriikaa ta’ee adeemsa elektirooniin dhiibbaa diree elektiriikaa jala ta’un socha’anii dha. Dabarsa elektiriikaa sibiilota fi gariin sibiilota keessatti ta’u faakeenya gaarii dabarsa elektiriikaa ti.Dabarsi elektiriikaa akkanaa kan raawwatu chaarjii baatuu (charge carriers) fi humna chaarjii baatuu sochoosuu yoo jiraate qofaa dha.Sibiilotaa fi gariin sibiilota keessatti chaarjii baatuun elektiroonota. Dabarsi haala kanaan raawwatu dabarsa elektiroonikaa jedhama.Sibiilota keessatti dabarsi elektirikaa kan raawwatu sochiin atoomota sibiilotan osoo hintaane sochii elektiroonotaa tiin ta’a. Dabarsi elektirikaa sibiilota keessaa jijjiirama fiizikaalaa ti.

2.2.2. Dabarsa Elektiroolaayitikaa (Electroolytic Conduction)

Wantootni bulbulli ykn baqaan isaanii dabarsoo elektiriikaa ta’e elektiroolaayitoota (Electrolytes) jedhamu. Fkn, Bulbula asiidotaa, bulbula beezotaa, bulbula ashaaboolee, fi kkf ta’u. Dabarsa elektiroolaayitikaa keessatti dabarsi elektiriikaa kan raawwatuu sababa elektiroonoti walaba ta’anii socha’aniin osoo hintaane sochii ayoonotan raawwata. Adeemsi dabarsa elektiriikaa sochii ayoonotan bulbula elektiroolaayitoota keessatti raawwatu dabarsa elektiroolaayitikaa jedhama.

Fakkii:1 Sochii ayoonotaa baqaa elektiroolaayitii NaCl keessatti

Elektiroodii(Utubaa baatirii): Sibiila ykn giraafaayitii ta’e daandii elektiroonotni bulbula keessaa seenaan fi bulbula keessaa ba’anii dha.Elektiroodiin chaarjii negativii qabu kaatodii jedhama.Yammuu dabarsa elektiroolaayitikaa ayoonotni chaarjii poosativii qaban gara kaatodiitti yaa’uun elektiroonii fudhachuun rideekfamu.Ayoonotni chaarjii poosativii qaban kun gara kaatodiitti waan ya’aaniif kaatayoonota jedhamu.Elektiroodiin chaarjii poosativii qabu immoo anoodii jedhama.Ayoonotni chaarjii negativii qaban gara anoodiitti yaa’uun elektiroonii kennun oksideeffamu.Ayoonotni chaarjii negativii qaban anayoonota (anions) jedhamu.Oksideeffamni gama anoodiitti yammuu raawwatu rideekfamni immoo gama kaatodiitti raawwata. Adeemi kun adeemsa keemikaalaa ti.

Gilgaala

1. Wantoota arman gadiitti tarreeffaman dabarsoo ykn miti-dabarsoo elektiriikaatti erga qooddee booda kan dabaroo elektiroonikaa fi dabarsoo elektiroolaayikaa ta’e addan baasi.

  1. Kaalsiyeem Oksaayidii jajjaboo                                     i) Kuwaartizii
  2. Baqaa Aluminiyeem                                                      j) Bulbula Sukkaaraa
  3. Warqee Bulbuula                                                          k) Giluukoosii
  4. Kopparii                                                                        l) Aannaan
  5. Girafaayitii                                                                   m) Zaayita Kuduraale
  6. Diyaamendii                                                                  n) Bishaan Boollaa
  7. Meerkurii                                                                      o) Daakuu Saalfarii
  8. Biroominii                                                                     p) Cunfaa Loomii

2. Kompaawundootni ayoonikii jajjaboon miti-dabarsoo elektiriikaa ti.Haata’u malee bulbulli isaanii dabarsoo elektirikaa ti.Maaliif akka ta’e gareen irratti mariyaachuun dareef ibsa.

3. Adeemsa elektiroolaayisisii keessaatti elektiroonotni utubaa baatirii isaa kamiin bulbula seenu,  isaa kamiin bulbula keessaa bahu?

4. Soodiyeem kilooraayidii gaazawaa, jajjabaa, baqaa (fused NaCl) fi bulbula NaCl keessaa kamtu dabaroo elektirikaa ti? Kamtu mit-dabarsoo elektirikaa ti? Maaliif?

5. Hiikoo kanneen armaan gadi kenni.

  1. Dabarsa Elektiroonikaa                        f) Anaayoni
  2. Dabarsa Elektiroolaayitikaa                 g) Kaatayoonii
  3. Utubaa baatirii                                    h) Elektiroolaayitii
  4. Anoodii                                               i) Miti-elektiroolaayitii
  5. Kaatoodii

2.2.3. Wal-nyaatinsa Oksideeffama fi Rideekfama

Wal-nyaatinsi keemikaalaa wal-nyaatinsa ridooksii (Oksideeffama-rideekfama) fi miti-ridooksii jedhamamun bakka lamatti qoodama.Wal-nyaatinsi ridooksii wal-nyaatinsa dadarbinsa elektiroonii of-keessaa qabu dha. Saanyiiwwan (species) elektiroonii kennan ni oksiideeffamu. Elektiroonii kanfudhatan immoo ni rideekfamu.

Fkn :- 2Na(s)  + Cl2(g)    →  2NaCl(s)

2Na elektiroonii lama kennuun gara  2Na+ yammuu oksideeffamu, Cl2 immoo elektiroonii lama fudhachuun gara 2Cl rideekfame.

Wal-nyaatinsi ridooksi wal-nyaatinsa keemikaalaa baayyee barbaachisaa dha.Wal-nyaatinsa elementootni koompaawudi  itti uuman,wal-nyaatinsa gubinsa,wal-nyatinsa baatiriwaan keessatii elektiriksitii madisisuu fi wal-nyatinsaa firiiwwan annisaa seelularii fi kkf wal-nyatinsaa ridoksii  keessatii hammatamuu.

Wal-nyatinsii keemikaalaa daddarbiinsa elektironii sanyii tokko irraa gara isaa kaanitti hinqabanee wal-nyatinsaa miti-ridookisii jedhamu. Fkn

  1. wal-nyaatinsa asiid-beezii (hinbaabsawaa)

             HCl(aq) + NaOH(aq)→NaCl(aq)+H2O(l)

  • wal-nyatinsaa bakka buinsaa dachaa

            AgNO3(aq) + NaCl(aq)→AgCl(s)+AgNO3(aq).

Oksideeffama jechuun  akka hiikoo jalqabaattii wal-fudhannaa  wantootaa fi oksijinii giddu qofa akka ta’etti  fudhatamaa ture.

4Fe(s)+3O2(g)→2Fe2O3(s)

C(s) + O2(g)→CO2(g)

Rideekfamni jechuun immoo oksijiiniin wantoota irraa bahu qofaatti  fudhatama ture.

WO3(g)  + 3H2(g)→W(s)  + 3H2O(g)

Akka hiikoo yeroo ammaatti garuu oksideeffamni  lakkoofsi oksideeshinii ol-guddachuu fi elektiroonii kennuu waliin wal-qabata. Rideekfamni immoo lakkoofsi oksideeshinii hir’achuu fi elektiroonii  fudhaachuu ilaalata.Wal-nyaatinsii oksideeffama fi rideekfamaa kan garaagara hinbaane walfaana raawwatanii dha.

Oksideessaa:- Wanta lakkoofsi oksiideeshinii isaa hir’atee dha.

                     – kan rideekfame dha.

                     – kan saanyiwwan biroo oksideessuu dha.

Rideeksaa :- Wanta lakkoofsi oksideeshinii isaa ol-guddatee dha.

                   – kan oksideeffamuu dha.

                   – kan saanyiwwan biroo rideeksuu dha.

Gilgaala

Wal-nyaatinsa armaan gaditti kennaman wal-nyaatinsa ridooksi miti-ridooksii jechuun qoodi.Wal-nyaatinsa ridooksi kan ta’aniif oksideeffamaa, rideekfamaa,oksideessaa fi rideeksaa addan baasi.

                   a) 2Fe(s)  +   3Cl2(g)→2FeCl3(s)

                   b) Cu(NO3)2(aq)   +   Zn(s)→Zn(NO3)2(aq)  + Cu(s)

                   C) CuSO4(aq) + BaCl2(aq)→BaSO4(aq)  + CuCl2(aq)

                   d) 2KClO3(s) →2KCl(s) + 3O2(g)

                   e) Cu(s) +2Ag+ (aq) →Cu2+(aq)  +   2Ag(S)

                   f) KOH (aq)  +  HNO3(aq)  →KNO3(aq) + H2O(l)

2.3. Elektiroolaayisii Bishaanii fi Soodiyeem Kilooraayidii

Elektiroolaayisisiin adeemsa annisaan elektiriikaa wal-nyaatinsa keemikaalaa uumuu ti. Elektiroolaayisisii keessatti Seelii elektiroolaayitikii ayoonotni chaarjii wal-fakkaataa qaban tokko oli kan jiran yoo ta’e chaarjootni kun gara elektiroodii tokotti yaa’u.Garuu ayoonii tokko qoftu filannoo elektiroodichan chaarjii dhabeessa ta’un baha.Filannoon kun waan hedduu irratti kan hunda’uu yoo ta’ellee isaan ijoon sadan:-

  1. Dandeetti ayoonichi elektiroonii kennuu ykn fudhachuu qabu
  2. Cunqina ayoonichaa
  3. Gosa elektiroodi irratti hunda’a.

Piroojektii; Akkataa ayoonotni elektirodii jalatti qabxiiwwan sadan armaan oli irratti hunda’un            filataman fakkeenya fudhachuun ibsi.

2.3.1. Elektiroolaayisisii Bishaanii

Meeshaalee barbaachisan

 Seelii elektiroolaayitikii salphaa ykn meeshaa Hafmann,bikeerii,ujuummoo yaalii lama,elekitiroodii nikeelii ykn giraaafaayitii

Keemikaalaa barbaachisan

Bishaan, H2SO4 callabba’aa

Tartiiba dalagaa

 Bishaan hanga biikeerii walakkeessatti itti dabali.Dabarsoo elektiriiiksitii gaarii akka ta’uuf H2SO4 callabba’aa coba tokko ykn lama itti dabali.Ujummoo yaalii laman bishaaniin guutii elektirodota keessatti gadi gonbisi .Fakki armaan gadii ilaali.Koreetiin akka keessaa darbuu gochuun wal-nyaatinsa gama kaatodii fi anoodiitti raawwatu daawwadhu.

Fakkii 2:- Elektiroolaayisisii Bishaanii

Daawwannaa:-Gama elektiroodota lamaniin gaasotaatu uumama.Mala bishaan bakka gad- 

Dhisiisuun ujummoowwan laman keessatti walitti qabamu.Gaasiin gama

kaatodiitti kuufama harka lama isaa gama anoodii ta’a.

Firii Yaalichaa:-Bishaan haayidirooojinii fi Oksijiinitti  diigama.Gama anoodiitti oksideeffama

saalfeetii fi  bishaaniitu wal-dorgoma.Oksideeffama bishaanitu dursa.Gama

Kaatodiitiin H2O qofa waan dhiyaatuuf bishaantu rideekfama.

Wal-nyaatinsa Anoodii : 2H2O→ O2 + 4H+ + 4e

Wal-nyaatinsa Kaatodii: 4H2O + 4e→ 2H2 + 4OH

wal-nyaatinsa Seelii     : 6H2O → 2H2 + O2  + 4H+ + 4OH  ykn   2H2O→ 2H2  +  O2

2.3.2. Elektiroolaayisisii NaCl

A. Elektiroolaayisisii bulbula NaCl Cunqowaa (Elektirolayisis of saturated NaCl solution (brine))

Elektiroolaayisisii bulbula NaCl cunqowaa adeemsa indusitrii keessatti kilooriniii fi soodiyeem- haayidirooksaayidiin ittiin qophaa’anii dha. Elektiroodii giraafaayitii fayyadamun yammuu bululli NaCl cunqowan elektiroolayizdii ta’u gaasii haayidiroojinii, gaasii kilooorinii fi bulbula soodiyeem haayidirooksaayidii uumama. Kilooriniin gama anoodiin yammuu bahu gaasiin haayidiroojinii  fi ayooniin haayidirooksaayidii (OH) gama kaatodiin uumamu.

 Gama anoodiin sanyiiwwan  oksideeffamuf dhiyaatan Cl,OH fi H2O keeessaa kilooraayidituu (Cl ) durse oksiideeffama.

Wal-nyaatinsa Anoodii: 2Cl→ Cl2 + 2e

Gama kaatodiin sanyiiwwan  rideekfamuuf dhiyaatan Na+,H+ fi H2O keeessaa bishaantu durse rideekfama.

Wal-nyaatinsa Kaatodii: H2O + 2e→ H2  +  2OH

Bulbullichi beezawwaa ta’a waan dhufuuf gatiin pH isaa ni dabala.Ayooniin soodiyeemii  osoo hinjijjiiramini bulbula keessatti waan gadi haafuuf yammuu adeemsi elektiroolaayisii itti fufaa deemu bulbulli NaOH kuufama deema.

Wal-nyaatinsa seelii: 2NaCl + 2H2O→ 2Na+  + 2OH  + H2(g)  + Cl2(g)

B.Elektiroolaayisisiii Bulbula NaCl callabba’aa

Meeshaalee Barbaachisan:- Seeliii elektiroolaayitikii salphaa(Bikeerii),Ujummoo yaalii lama,elektiroodii nikeelii ykn giraafaayitii

Keemikaaloota:- Bulbula NaCl callabba’aa

Tartiiba dalagaa:- Ashaboo nyaataa fuutuu guutuu tokko(one spoon full) bishaan 500ml keessatti bulbulli.Bulbullicha seelii elektiroolaayitikii keessatti dabali.Ujummoo yaalii laman bishaaniin guutuun elektiroodota laman keessatti gonbsi.Koreentiin akka keessa  darbu taasisuun wal-nyaatinsa gama elektirodota lamaanii daawwaadhu.

Firii Yaalichaa:- Gama Kaatodiin gaasii haayidiroojinii yammuu uumamu gama anoodiin immoo gaaasii Oksijiiniitu uumama.Bulbulichi hinbaabsawaa ta’e tura.Cunqoon bulbullicha(ashaboo ) dabalaa deema.

 Wal-nyaatinsa Anoodii:- 2H2O →O2  +   4H+  + 4e

Wal-nyaatinsa Kaatodii:-4H2O  +  4e→2H2  +  4OH

Wal-nyaatinsa seelii:- 2H2O→ 2H2  +  O2

Hub.Elektroolaayisisii NaCl callabbaa’aa elektroolaayisisii bishaanii waliin wal-fakkaata.

Elektiroolaayisisii hammahangee irratti hunda’uu (Quntitative Aspect of Electirolayisis)

Gaafii marii

  1. Kareentii(korreentii) elektirikaa maal? Maaliin safarama?
  2. Adeemsa elektiroolaayisisii keessatti hammi chaarjii elektirksitii(Q) darbuu fi jijjiiramni keemikaalaa hariiroo ni qabaa? Maaliif?
  3. Chaarjiin elektirksii akkamiin ibsama? Yuunitiin isaa maal?
  4. Hanga ekuuvaalentii(E) jechuun maal jechuu dha? Akkamiin ibsama?

Adeemsa elektiroolaayisisii keessatti hariiroo hamma chaarjii elektiriksitii darbuu fi hamma jijjiirama keemikaalaa gidduu jiru yeroo jalqabaaf kan ibse fiizistii Ingilizii Mikaa’el Faraday jedhama.Akka ibsa  isaati yammuu adeemsa elektiroolaayisisii  hangi wanta gama elektiroodin oksideeffamu ykn rideekfamu hamma chaarjiii elektirkii keessa darbu waliin hariiroo kallatti qaba jedha.Himni kun seera Faraday 1ffaa jedhama.

Hima herregan yammuu ibsamu

m  Q               m=kQ            k=  —-*

Chaaarjiin Elektirkii(Q):hamma kaarentii (ampeeriin) hojii irra oolee baayisuu yeroo (sekoondiin) ti.

Q=It          Q=chaarjii, I=Ampeerii , t= yeroo              

Faraday(F) tokko chaarjii elektiroon moolii tokko waliin wal-qixa.Faraday ‘n dhabbataa dha.

Elektiroonii moolii tokko = 6.02 x 1023 e

 Kolombiin tokko(1C) = 6.25 x1018 e

 Chaarjii elektiroonii tokkoo = 1.6 x 10-19C

 1F= Elektiroonii moolii tokko x Chaarjii elektiroonii tokkoo

     = 6.02 x 1023 e x 1.6 x 10-19C

      ≈ 96500C

Elektiroolaayisisii keessatti Faraday’n tokko wanta hamma hanga ekuuvaalentii(E) wal-gitu kuusuu ykn baasuu danda’a.

1F = wanta hanga ekuuvaalentii(giraamiin) oksideeffamu ykn rideekfamu kuusa.

F E     F = kE             k =   —-**

Wal-qixxattoo  * fi ** irraa

     =        =hanga            = Faraday

                                    = chaarjii             = Hanga ekuuvaalen

Fkn.1. Elektiroolaayisisii CuSO4 keessatti kareentiin 3A sa’atii tokkoof yoo keessa darbee hanga Cu kuufamu danda’u shallag.

Kennema                                                                               Deebii

  I =3A                                                                                          =

  t = 1hr = 3600s                                                                       m =    xQ

 Q = It =10800C                                                                      =                                                                                                                                 

 E =  = = 32g/eq                                                            = 3.6 g

  m =?

2. Elektiroolaayisisii kiloorayidii sibiilaa ta’e keessatti 0.1F  hanga sibiila 6.57g ta’u gama  

    elektiroodii irrarri kuuse.

  1. Hangi ekuuvaaletii sibiilicha meeqa ta’a?
  2. Sibiilichi chaarjii +3  kan qabu yoo ta’e hangi atoomawa sibiilicha meeqa ta’a?

3. Bulbula Siilvarii keessa koreentiin sekoondii100 keessatti darbuun silvarii giraama shan yoo      kuuse hammi Kareentii ampeerii hojii irra oolee meeqa ta’a?

4. Kareentii 0.452A seelii elektiroolaayitikii baqaa MgCl2 keesaa sa’atii 1.5 yoo darbee  hanga     firiiwwan gama elektiroodotan uumamu shallag.Wal-nyaatinsa gama elektiroodota barreessi.

Gama biraatiin Hangi wantoota garaagaraa hamma chaarjii elektirii walfaakkaataan oksideeffamu ykn rideekfamuu hanaga ikuuvaalentii (equivalent masses)  waliin hariiroo kallatti qaba. Himni kun  seera Faraday 2ffaa jedhama.

Hima herreegaatiin yammuu ibsamu

         m a E                  m = kE              k =  

K1 =  , K2 =  , K3 =

k1 = k2 = k3….

 =

 

2.4. Seelii Gaalvanikii

2.4.1. Seensa

Seelii elektirolaaysisii keessatti wal nyaatinsootni keemikalaa human madda alaa irraa( madda elektiriksitii) akka miti tasumatti adeemsifama. Seelii gaalvanikii ykn seelii vooltekii  keessatti  garuu wal nyaatinsootin ridoksii tasumaan qooda fudhachuun annisaa kuusaa argamsiisu.

Hunmi elektiroonotaa daandii dabarsaa elertirikaa keessa akka socha’an godhu.Humna sochii elektiroonotaa seelii gaalvanikiin argamu, kuusaa seelii jedhama. Akka seelii elektirolaaytikaa keessatti osoo hin taane  cimdiiwwan utubaa baatirii seelii vooltaayikii bulbuloota elektirolaaytii gosa addaa addaa irraa keessa buufamu. Kaatayoniin  tokkoon tokkoon isaa bulbuloota elektirolaaytii dandeettii rideekfamuu  mataa isaanii qabu. Kunis kuusaa ridaakshiniin safarama.

Seelotni gaalvanikii elektiriksitii argamsiisuu keessatti faaydaa guddaa qabu.

2.4.2. Yaad rimeewwan bu’uraa seelii gaalvanikii

Seeliin gaalvanikii wal nyaatinsa keemikalaa tasuma ta’e gargaaramee elektiriksitii maddisiisa. Kanaaf ammoo  wal-nyaatinsi tokko oksiideefamuun  inni  biroon ammoo rideekfamuun dirqama. Oksideessan ykn rideeksaan kallatidhaan wal hin tuqan .sababni isaas   ya’insi elektiroonota   gidduutti ta’u  dhabamsiisu dha. Karaa biraatiin jarreen lammanuu qaamaan adda baa’anii jiru. Kanaafuu elektironiin bakka tokkoraa gara birootti deemudhaaf daandii serkutii alaa keessa yaa’uun dirqama taa’a jechuu dha.

Fakkeenya:-Yemmuu shiboon sibiila zinkii bulbula CuSO4(aq) keessa buufamu kuusaa kopperii fi dhabamaa adeemuu halluu cuqulisaa bulbulichi duraan qabuutu argama. Bulbulli booda yemmuu ilaalamu ayoonota Zn+2 qabachuu isaati.

           Zn(s) + Cu2+(aq)                                             Cu(s) + Zn2+(aq)                

Fakkii 3 seelii galvanikii wal nyaatinsa keemikalaa   Zn(S )   +  Cu2+(aq )                   Cu (S) + Zn2+(aq)

Gaaffii marii

  1. Akka fakkeenya armaan oliitti ziinkii  moo kopperiitu  kompawudii isaanii keessaa bakka isa tokkoo bu’uu danda’a?
  2. Utuu seelonni walakkaa gutummaa guutuun wal-qunnamuu baataanii  maaltu ta’a?
  3. Faaydaan riqicha ashaboo maali?
  4. Ashaboon akka riqichaatti gargaaru waarra akkamiiti?

2.4.3. Kuusaa seelii

Humni sochii elektironii seelii gaalvanikii irraa argame kuusaa seelii(Ecell) jedhama. Gatiin Ecell

  1. cuunqina ayoonota seelii keessaa ,
  2. teempireecheraa
  3. dhiibbaa gam tokkee gaasota wal nyaatinsa seelii keessatti hirmaata irratti hundaa’a.

Fkn    Teempiteechera dareetti (25oC) irratti cuunqinni ayoonota seelii keessaa 1M, fi dhiibbaan gam tokkee gaasota wal nyaatinsa seelii keessatti hirmaatanii 1atm yoo ta’e kuusaan seelii murta’aa ykn daaddessaa(STP) ta’a.  kunis Eo tiin bakka buufama.

2.5.Seel- diyaagiramii

Seelotni gaalvanikii nooteshinoota daaddessaa ta’aniin ibsamuu danda’un seel diyaagiramiijedhama. Seel-diyaagiraamii barreessudhaaf  amala utubaa baatirii, bulbuloota wal-xaxaan, wal- nyaattotaa fi firiiwwan addaan baasuun tartiiba

  1.  Seeliin walakkaa anoodiin jalqaba
  2.  Riqichi ashaboo mallattoo (//) agarsiifamu walakeessa
  3.  Seeliin walakkaa kaatodii dhumarra ta’uu dha.

Seelii kenname keessatti wal nyaattotni dursa adda ba’uu qabu. Itti aansuun firiiwwan daangaa falkaawwanii adda baasuuf mallattoo (/ ) , akkasumas  wantoota seelii keessatti qooda fudhatan bulbulaan yoo ta’an cuunqoon molarawaan yoo gasii ta’e  ammo dhiibbaa gam tokkeen cuuftuu keessatti agarsiifamu.

 Fkn :- yoo cuunqoon Zn2+  fi Cu2+ seelii walakkaa wal duraa duubaan 0.1M fi 0.05M ta’e seel            diyaagiramii Zn/Cu barreessi.

  • Sababa ziinkiin anodii ta’eef dursa seelii walakkaa isaa barreessina. Itti aansuun seelii walakkaa koopperii  barreessina. Qixa lamaan isaanitti ammo riqicha ashaboo agarsiisuuf mallattoo(//) keenya.
  • Seelii walakkaa ziinkii keessatti oksideeffamuu Ziinkii  Zn gara Zn2+ttitu qooda fudhata.

        Zn(s)                       Zn2+(aq) + 2e

Seeliin walakkaa Zn(s)/Zn2+ (0.1M) agarsiifama

  • Seelii walakkaa kopperii keessatti rideekfamuu Cu2+ gara Cu tti qooda fudhata.

Cu2+(aq)  +  2e–                                          Cu (s)

     Seeliin walakkaa Cu2+(0.05)/ Cu(s) agarsiifama.

Kanaafuu seel diyaagiramiin guutummaan yemmuu barreeffamu

       Zn(s) / Zn2+(0.1M) // Cu2+(0.05M) / Cu(s) tiin agarsiifama.

Gaaffii shakaala

1.Seelii gaalvanikii wal nyaatinsa dimshaashaa

  1. Ni2+(aq)  + Fe(s)                      Ni(s)  + Fe2+(aq)
  2. 2Fe3+(aq)  +  Cu(s)                     2Fe2+(aq)  +  Cu2+(aq) keessatti qooda fudhataniif fakkii isaanii kaasuun
  3. Utubaawwan baatirii agarsiisi.
  4. Chaarjiwwan utubaa baatirii irratti garmalee baayyatan agarsiisi.
  5. Kallattii godaansa elektiroonotaa, kaatayonotaa fi anayonotaa agarsiisi.
  6. Seel diyaagiramii guutuu wal nyaatinsaa agarsiisi.

2. seel gaalvanikii keessatti elektiroonotni human akka elektiroonotni yaa’an godhu maali?

2.6 .Elektirodii fi kuusaawwan ridaakshinii

Seelii gaalvanikii keessatti qoodamni seelii tokkoon tokkoon isaanii  ayoonota sibilaa utubaawwan baatirii sibilawaa waliin kan kan wal quunname qaba. Tokkoon tokkoon ayonii kanaa  elektironii utubaa baatirii wal quunnaman irraa fudhachuun rideekfamu.

 Dandeettiin rideekfamuu miciree kamiiyyuu amala inteensivii yamuu ta’u innis kusaa ridakshinii daddeessaa (Eo) jedhama. Kanafuu dandeettii wal nyaatinsota ridakshinii wal-dorgomsisuuf gatiiwwan Eo itti fayyadamna. Wal-nyaatinsa seelii walakkaa kamiifiyyu yoo gatiin Eo guddaa ta’e dandeettii rideekfamuu olaanaa qaba jechuu dha.

Gabatee: 2.1. Temp.250Cirratti gatii Eo wal nyaatinsoota seelii walakkaa garaa garaa kan                      agarsiisu dha.

Cathode (Reduction)
Half-Reaction
Standard Potential
E° (volts)
Li+(aq) + e → Li(s)-3.04
K+(aq) + e → K(s)-2.92
Ca2+(aq) + 2e → Ca(s)-2.76
Na+(aq) + e → Na(s)-2.71
Mg2+(aq) + 2e → Mg(s)-2.38
Al3+(aq) + 3e → Al(s)-1.66
2H2O(l) + 2e → H2(g) + 2OH(aq)-0.83
Zn2+(aq) + 2e → Zn(s)-0.76
Cr3+(aq) + 3e → Cr(s)-0.74
Fe2+(aq) + 2e → Fe(s)-0.41
Cd2+(aq) + 2e → Cd(s)-0.40
Ni2+(aq) + 2e →Ni(s)-0.23
Sn2+(aq) + 2e → Sn(s)-0.14
Pb2+(aq) + 2e → Pb(s)-0.13
Fe3+(aq) + 3e → Fe(s)-0.04
2H+(aq) + 2e → H2(g)0.00
Sn4+(aq) + 2e → Sn2+(aq)0.15
Cu2+(aq) + e → Cu+(aq)0.16
ClO4(aq) + H2O(l) + 2e → ClO3(aq) + 2OH(aq)0.17
AgCl(s) + e → Ag(s) + Cl(aq)0.22
Cu2+(aq) + 2e → Cu(s)0.34
ClO3(aq) + H2O(l) + 2e → ClO2(aq) + 2OH(aq)0.35
IO(aq) + H2O(l) + 2e → I(aq) + 2OH(aq)0.49
Cu+(aq) + e → Cu(s)0.52
I2(s) + 2e → 2I(aq)0.54
ClO2(aq) + H2O(l) + 2e → ClO(aq) + 2OH(aq)0.59
Fe3+(aq) + e → Fe2+(aq)0.77
Hg22+(aq) + 2e → 2Hg(l)0.80
Ag+(aq) + e → Ag(s)0.80
Hg2+(aq) + 2e → Hg(l)0.85
ClO(aq) + H2O(l) + 2e → Cl(aq) + 2OH(aq)0.90
2Hg2+(aq) + 2e → Hg22+(aq)0.90
NO3(aq) + 4H+(aq) + 3e → NO(g) + 2H2O(l)0.96
Br2(l) + 2e → 2Br(aq)1.07
O2(g) + 4H+(aq) + 4e → 2H2O(l)1.23
Cr2O72-(aq) + 14H+(aq) + 6e → 2Cr3+(aq) + 7H2O(l)1.33
Cl2(g) + 2e → 2Cl(aq)1.36
Ce4+(aq) + e → Ce3+(aq)1.44
MnO4(aq) + 8H+(aq) + 5e → Mn2+(aq) + 4H2O(l)1.49
H2O2(aq) + 2H+(aq) + 2e → 2H2O(l)1.78
Co3+(aq) + e → Co2+(aq)1.82
S2O82-(aq) + 2e → 2SO42-(aq)2.01
O3(g) + 2H+(aq) + 2e → O2(g) + H2O(l)2.07
F2(g) + 2e → 2F(aq)2.87

Fkn:- kuusaa ridaakshinii wal nyaatinsa walakkaa Zn2+/Zn  -0.76V dha. Akkasumas kan Cu2+/Cu  +0.34V dha. Gatiiwwan Eo  armaan olii irraa Cu2+ miciree zn2+ caalaa dandeettii rideekfamuu qabachuu isaa hubanna. Kanaafuu seelonni walakkaa Zn fi Cu yemmuu wal

xuqan rideekfamuun Cu+2 dursee qooda fudhata. Yeroo kana Zn oksideeffamuun ala carraa biro hin qabu.

                             Zn(s)                       Zn2+(aq) + 2e

Haala kanaan kuusaan seelii akka armaan gadiitti hiikama.

Eocall = Eo(waanta rideekfamee) – Eo(waanta oksideeffamee), kanaafuu Seelii Zn/Cu tiif

Eocall=  EoCu2+/Cu  – EoZn2+/Zn

        = +0.34V  – (-0.76V)

       = +1.10V

 Gatiin kuusawwan ridaakshinii wal nyaatinsoota seelii walakkaa kan ibsamu gatii daaddessaa ta’e tokko waliin wal bira qabuun dha.utubaan baatirii akka daaddessaatti filatames utubaa baatirii daadessaa haaydirojinii ( standerd hydrogen electrode,SHE) jedhamuun beekama. kan keessatti cuunqinni H+ 1M fi dhiibbaan gam tokkee H2(g) 1atm dha. Haala kanarratti ammoo teempireechera 25oC irratti gatiin Eo = 0.00V ta’a. Seelii gaalvanikii keessatti utubaan baatirii daaddessaa haaydirojinii  kun walakkaa seelii kan biro wajjin yammuu cimdeeffamu yokaan ni rideekfamaa yookin ammo ni oksideeffama

  • Yoo gatiin Eo wal nyaatinsa seelii walakkaa seelii gara biro 0.00V gadi ta’ee, seeliin daaddessaa haaydirojinii kun ni rideekfama.
  • Yoo gatiin Eo wal nyaatinsa seelii walakkaa biroo 0.00V ol ta’e, seeliin daaddessaa haaydirojinii kun ni oksideeffama.

2.6.1. Hojiirra oolmaa seelola Gaalvanikii

2.6.1.1. Seel Baatirii

Faaydaan seeli gaalvanikii  oomisha elaktiriksitiif qbu seenaa dheeraa qaba. Ummatootni Peershiyaa harka bakka Iraan Jedhamu irra qubatanii turan gosa seelii gaalvanikii faaya warqee dibuuf gargaaru (Gold plating Jewelry) itti fayyadamaa turaniiru. Har’a garuu gosoota seelii gaalvanikii addaa addaatti fayyadamuuf filannoon ni jira. Kanneen keessaa seeliin baatirii qaama teeknolojii ammayyaa’a fi bayyee beekamaa dha.

2.6.1.2. Baatirii

  • Baatirii kaarentii elektirikaa oomishuuf wal nyaatinsa keemikalaa fayyadamuu dha.
  • Baatiriin akka madda aangoo elektirikaatti fayyada.
  • Baatiriin hamma turtii faaydaa isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodamu.
  • Baatiriiwwan sadarkaa tokkoffaa:-gosoonni baatiriiwwan akkanaa kunkan hin chaarja’inii fi aangoon isaanii suuta suutaan hamma dhaqee faaydaan ala ta’utti badaa deema. Baatiriiwwan akkanaa beekamoo ta’an Seelii baatirii harkaa fi baatirii liitiyemii ti.
  • Baatiriiwwan sadarkaa lammaffaa:- baatiriiwwan akkanaa kun kan chaarja’anii fi irra deddeebiin faaydaa kennuu dandaa’anii dha. Baatiriin gosa akkanaa beekamaa ta’e baatirii liidii konkolataa keessaa ti.

2.6.1.3. Seelii baatirii Lekilanche fi seelii maanganizii

  • seelii baatirii Lekilanchee
  • Kaatodiin ulee kaarbonii ti.
  • Elektirolaaytootniin jajjaboo MnO, MnO2, NH4Cl, NaOH fi bulbula daakuu kaarbonii ti .
  • seelii maanganizii
  • kaatodiin uuwistu istiilii ti.
  • Elektirolaaytootni  bulbula cuunqa’aa NaOH (18M) dha.
  • Baatiriiwwan kun lamaan baayyee wal fakkaatu. Kan isaan wal fakkeessu keessaa tokko utubaa baatirii negativii (anode) sibiila ziinkii yemmuu ta’u utubaan baatirii poozativii (Chatode)  isaanii ulee baatrii dadhabaa poozativii fayyadamu.

Faayidaan isaanii

  • Akka madda ifaatti,raadiyoo,kaalkuleterii,keessatti fi meeshaalee

wal fakkaataniif faaydaa qabu.

Seeliin baatirii maanganizii qabiyyee voolteji fi argama korrentii of keessaa qabuun seelii baatirii Lekilanchee si’a lama haa naanna’u malee gatiin isaa si’a sadii itti naana’a.

Wal nyaatinsootni seelii baatirii harkaa keessatti qooda fudhatan hamma tokko wal xaxaa fi guutummaa guutuun hubatamuu kan hin dandeenyee dha.

Haa ta’u malee wal nyaatunsa salphaa dhumatti yemmuu agarsiifamu

                  Zn(s)                          Zn2+  +  2e

                 2MnO2(s)  + 2NH4+(aq) + 2e–                              Mn2O3(s)  +  2NH3(aq)  + 2H2O(l) (kaatodii)

Seelii  baatirii maanganizii keessatti wal nyaatinsi seelii dimshaahsaa

Zn(s) + 2MnO2(s)                           ZnO(s)   +  Mn2O3(s)

Hub:-seelii baatirii sadarkaa tokkoffaa kamiyyuu chaarjessuun itti fayyadamuuf 

yaaluun  rakkoo mataa isaa qaba. Sababni isaas balaa dhuka’aa uumama 

gaasii baatirii kana keessattin dhufuf saaxiluu waan ta’eef dha.

2.6.1.4. Baatirii Meerkurii

  • Seelii baatirii gabaaf oolu keessaa isa tokkoo fi isa duraa ti.
  • Baatirii sadarkaa tokkoffaa dha.

Faaydaan isaa:-mana yaalaa keessatti namoota dhibee rukuttaa onnee qabaniif furmaata

kan kennuu dha.

2.6.1.5. Baatirii Liitiyemii

  • Reeshoo aangoo gara ulfaatinaa olaanaa ta’e qaba. Sababni isaas liitiyemiin rideeksaa cimaa fi sibiila rukkinni isaa baayyee gadi aanaa ta’e  waan ta’eef dha.

Gaaffii  :- faaydaa baatirii Liitiyemii kitaabolii wabii dubbisuun dareef gabaasi.

2.6.1.6 .Baatirii Liidii

  • Gosa seelii baatirii sadarkaa lammafaa dha.
  • Vooltejii inni kennu abbaa ja’aa ykn kudha lamaa ti. Innis lakkoofsa seelota gaalvanikii seelii kana ijaaruuf gargaaru irratti hundaa’a.
  • Elektirolaaytiin baatirii kanaa bulbula callaba’aa H2SO4 (30% hangaan YKN 10M) dha.
  • Wal qixxaattota wal nyaatinsa utubaa baatirii yemmuu baatirichi adeemsa chaarjii guuturra jiruu          

Baatiriin liidii baayyee gaariidha jedhamu kaarentii 650A fi isaa ol kan kennuu danda’uu dha. Kun ammo ahgoo ykn humnaan 7.8KW waliin wal qixa.Vooltejiin baatirii kanaa adeemsa keessa yemmuu seelichii chharja’aa adeemu hir’achaa adeema.Sababni isaas asiidiin H2SO4 saamamaa adeemuun gara H2Otti geeddaramaa adeema.Kun ammo elektirolaaytiin H2SO4 akka callabaa’u godha.

2.6.1.7. Baatirii Niikaad

  • Gosa seelii baatirii sadarkaa lammafaati.
  • Baatirii liidii caalaa sukka’aa dha.
  • Yeroo dheeraaf wal nyaatinsa osoo hin geggeessin turuu dandaa’a.

Gilgaala

Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e filadhu.

  1. Kanneen armaan gadii keessaa waa’ee baatirii irratti kamtu dhugaadha?
  2. Baatiriiwwan madda human/ angoo salphaatti qabatamuu danda’amanii ti.
  3. Gosa baatiriiwwan hundaayyuu bu’aan isaanii yeroo turtii isaan kennaniin tokkuma.
  4. Baatiriiwwan garaa garaa akka seelii gaalvanikiittis akka elektorolaasisittis qoodamuun jiraachuu danda’u.
  5. Bu’aan vooltejii baatirii tokkoo cuunqina elektirolaaytii isaa irratti hin hundaa’u.
  • Kanneen armaan gadii keessaa tokko baatirii sadarkaa tokkoffaa miti.
  • Baatirii liitiyemii                                            C. baatirii nikelii
  • Baatirii meerkurii                                           D. baatirii maanganizi
  • Garaa garummaan baatirii Lekilanche fi baatirii Manganizii alkali gidduu jiru maal?
  • Seeliin Lekilanchee seelii gaalvanikii yemmuu ta’u seeliin maanganizii alkali ammo seelii elektirolaaytiiti.
  • Seeliin Lekilanchee baatirii harkaaf akka madda ifaatti yemmuu gargaaru baatiriin maanganizii alkali garuu miti
  • Seelii lekilanchee keessatti utubaan baatirii kaatodii ulee kaarbonii yemmuu ta’u seelii maanganizii alkali keessatti garuu ulee isilii ti.
  • Seelii Lekilanchee keessatti utubaan baatirii kaatodii ulee ziinkii yemmuu ta’u seelii manganizii alkali keessatti garuu ulee kaarbonii ti.
  • Humni dimshaashaa baatirii seelii Lekilaanchee kennuu dnda’u yemmuu kan baatirii manganizii wajjin waliin madaallu
  • Si’a sagal itti naanna’a                 C. si’a 1/9ffaa itti naanna’a
  • Si’a sadii itti naanna’a                  D. 1/3ffa itti naanna’a
  • Baatiriiwwan armaan gadii keessaa kamtu utuu hin chaarja’in yeroo dheeraa turuu danda’a
  • Seelii likilanchee                         C. baatirii liitiyemii
  • Baatrii liidii                                  D. baatirii niikaad

Boqonnaa  Sadii

3.Keemistirii ,Induustirii fi  Faalama

3.1.Seensa

Boqonnaa Shaan keessattii  waa’ee  elektiroo  keemistrii   walnyaatinsa keessaatti gaheen inni qabuufi faayidaa isaa  barachuun keenya  ni yaadatama.  Boqqonnaa kan keessattimoo  gaaheen keemistrii  induustirii , faalamaa naannoo kanneen akka  qilleensaa , bishaan fi biyyee keessatti qabu fi fala maalii akka kennamuu qabu gadi fageenyaan ilaaluu yaalla.

       KAAYYOO

Xumura boqonnaa kanaatti barataan:-

  • Gahee kemistrii Industrii  keessatti qabu nibeekuu
  • Waa’ee faalama qilleensaa,bishaaniif biyyee ni hubatuu
  • Waa’ee  ittisa faalamaqilleensaa,bishaaniif biyyee ni beekuu
  • Wa’ee guddina Industrii biyya keenyaa ni hubatu.
  • Tooftalee faalama bishaan, biyyee fi qilleensa ittin hambsaan ni gabbiffatu.

3.2.   Qabeenya uumamaafi  Induustirii

3.2.1.  Seensa

Wantoota uumamaan argamanii naamnikallaatiinis ta’e alkallaattiin itti faayyadamu  qabeenya uumamaa jedhama. . Guutummaaguutuutti yoo ta’uu baateyyuu wantoota fayyadamnu keessaa hedduunsaanii kan nyaatamanii , kan uufatamnii ,kan dhugamanii fi ijaarrannee keessa jiraannu kkf  maddi dhufaatii isaanii qabeenya uumamaa irraatti.

Qabeenya uumamaa haala gara gara irratti hunda’uun qoodun ni danda’ama. Fakkeenyaf madda ka’umsaa,sadarkaa guddina fi haaromsa irratti hunda’uun addan ni qoodamu. Qabeenya uumamaa haala haaromsa isaanii irratti hunda’uudhan  bakka lamaatti qoodamu. Isaanis:-

  1. 1.      Kan bakka hin buune ykn kan hin haaromne ( Non- renewable )

3.2.2.  Qabeenya uumamaa bakka bu’uu danda’an (Renewable natural Resources)

Qabeenya uumamaa bakka bu’uu danda’an (Renewable Natural Resources) jechuun dangaa yeroo keessaatti qabenyaa uumamaan faayidaa ilmoo namaatiif oolee  booda ariitiitti bakka bu’u yookin  marsaa (recycle) ta’uu danda’u jechuudha.

Fakkeenya kennuu dandeessaa?___________________________________________________

3.2.3.Qabeenya uumamaa bakka bu’uu hin dandeenye (Non renewable natural resources)

Qabeenya uumamaa bakka bu’uu hin dandeenye (Non Renewable Natural Resources) :-jechuun qabeenya uumamaadangaa yeroo keessaatti  faayidaa ilmoo namaatiif erga oolee  booda bakka bu’uu kan hin dandeenye jechuudha..

Fakkeenyaa  kennuu ni dandeessa? _________________________________________________

Qabeenya uumamaa bakka  bu’uu danda’an   (Renewable natural Resources)Qabeenya uumamaa bakka bu’uu hin dandeenye (Non renewable natural resources)
-Annisa soolaraa–   Zayita
-Bishaan – Cilee
Baayomaasii – Abuudota
Human nuukilaarii fuyuzyinii( nuclear fusion )– Human nuukilaarii fishinii ( nuclear Power fission)
– Jirbii -Dibata
-Muka-Gaasii Uumamaa

Gaaffiilee armaan gadiitiif  bakka ramadaman  jalatti mallattoo  Ö   kana kaa’ii.

Lakk.Qabeenya uumamaaQabeenya uumamaa bakka                 bu’uu danda’an Qabeenya uumamaa bakka      bu’uu hin dandeenye
1Ashaboo  
2waraqaa  
3plaastikii  
4Qaruuraa Al  
5Burcuqqoo  
6Qubeessaa(pencil)  
7Foosilii  

3.3.   Warshaalee Etoophiyaa kesssaa tokko tokko

Yeroo amma biyyi keenyi daandii gudiinaafi tarnisfoormeeshinii irratti biyya argamtu yommuu taatuu daandii gudiinaa kana irratti akka deemtuuf kan gargaarummo qonna ammayyaa babali’isuu isheeti. Qonnii immoo yeroo babala’atu gara industriitii akka ce’amuuf karaa saaqa.Haaluma kanaan biyyi keenyiis wantoota dheedhii qonnaarraa argamuu kan  fayyadamani  keessaa  warshaa  Hucuu,  Warshaalee nyaata qopheessaaniif agroo  induustrii  kan kana faakkaataniifaadha.

Fakkeenya warshaalee naannookee jiruu maqaa waamuu dandeessaa? 

______________________________________________________________________________

a/Warshaa  Hucuu( Textile Industries)

Biyyi keenyi yeroo ammaa humna gahaa fi meshaalee dheedhii warshaa hucuutiif ooluu kan akka  jirbii bal’inaan oomishaa jirti. Kanarraa kan ka’e warshaan hucuus babalachaa jira. Mee akka fakkeenyyaa kan bara 1999-2000tti   haa’ilaallu

 Bara 1999-2000
WarshaaKan mootummaa(Government)Dhunfaa(private)Ida’ama
Warshaa Hucuu191736

b/   Induustrii nyaataa qopheessaan( Food  Processing Industries) Induustriin nyaata qopheessan hedduuminaan kan itti fayyadamniis bu’aa qonnarraa argamudha.  Biyya keenya keessaatti Induustriin addeemsa keessa nyaata qopheessan garee sagal(9) yoommuu ta’an warshaalee 200 ol of keessatti hammatu.  Isaan keesaa 50 (shantama) kaampaanoota adda dureetti waamamanii dha.

Oomisha isaan oomishan keessaa tokko tokko maqaa waamuu  dandeessa? ______________

__________________________________________________________________________

zayiita, paastaa, makaaroonii, daakuu,cuunfaa kuduraaf fuduraa, nyaata qurxummii, foon biyya alaatti erguu kkf  faadha yoo jette deebiin kee sirriidha.

c/ Induustrii Qonnaa (Agro Industries)

Qonnaan guddina biyya tokkoof laffee dugdaatti.qilleensi biyya keenyaas baddaa , badda daree  fi gammoojjii yoo ta’ellee  harki caalmaasaa (irrajresaa)  lafa qonnaaf ooludha. Qonnaan gumaachii guddina biyya keenya keessatti qabatu parsantaa 45 to 50  GDP ( G = Gross, D = Domestic, P = Product)   ni ta’a  . Akka qorannoo fi qoannoon bara 2001 tokko bahe ibsuutti agroo induustrii biyya keenyaa keessa jiru garmalee akka dabalaa jiru mul’isa. .kessahuu induustrii dhugaatiif nyaataa, Induustrii goggaa, Induustrii habaaboo, horii horsiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Gabatee 5.Warshaalee Itiyoophiyaa keessa jiran Tokko Tokko

LakkMaqaa warshaaOomishaWanta irra oomishamuFaayidaa isaaBakka warshichi itti argamu
1Warshaa SukkaraaSukkaraaShankooraNyaata mi’eessuu fi kaarboohaayidireetii kennuufWanjii,Matahaara,Fincaa’aa
2Warshaa saamunaaSaamunaaKoostikii soda fi mooraQulqullinaafGullallee,Raphii fi Adaamaa
3Warshaa aluminiyeem salfeetii fi salfaarikii asiidiiAluminiyeem salfeetii fi salfarikii asiidiiOorota aluminiyeem, salfari, oksijinii fi bishaanAl2(SO4)3 bishaan qulqulleessuuf,Waraqaa oomishuuf, Warshaa gogaa keessatti ni tajaajila, Gatii PH biyyee sirreessuuf. H2SO4’n Xaa’oo  garagara qopheessuuf, Peetirooliyeemii qulqulleessuuf, Baatirii konkolaataa keessatti akka elektiroolayitii gargaara, Dibataa, dhuka’aa fi daawwaa  oomishuuf Hawaasa, Awaashi Malkaasa
4Warshaa Koostikii soodaKoostikii soda (NaOH)Soodiyeem kiloorayidii,NaClSaamunaa qopheessuuf, Keemikaaloota adda qoheessuufZiwaayi (Baatuu)
5Warshaa burcuqooBurcuqoo fi seeramikiiBooroni,Burcuqoo fi seeramikoota adda adda qopheessuufGullallee,
6Warshaa biiraaBiiraa, DiiraftiiGarbuuDhugaatiif oolaBeedele,Finfinnee, Haarar,Goojamii, Sabbataa
7Warshaa SimintooSimintooCirrachaa,suphee,Dhagaa hoofiiIjaarsa garagaarafMuggeer, Meesoboo, Diree Daawaa,
8Warshaa huccuuT-sheertii, Afataa siree, Uffataa ispoortii,Jinsii,Kirii,Uffataa YaalaaKirii, JirbiiUffataa gara gara qopheessuufAwaasa,Diree Daawaa, Bahiir Daar,Arbaamichii, Akaakii, Koonbochaa,Adaamaa,Gullallee,
9Bishaan AmbooBishaanBishaanfi keemikaaloota adda addaaNyaata bulleessuufAmboo
10Warshaa IstiliiFiroo, Mismaara,Ujummoo bishaan gara gara, qorqorooOorotaa Ayireenii,oksijinii fi bishaanIjaarsa garagaaraf,Bishaan dabarsuuf, mi’ayyaa konkoolataa qopheessuufAkaakii,Sabbataa, Duukkam
11Warshaa KiriiKirii gara garaaJirbiiOomishaa hucuuf, waa ittin hodhuufDuukkam, Sabbataa
12Warshaa bishaan (High land water)BishaanBishaanfi keemikaaloota adda addaaNyaata bulleessuufBooqojii, Sabbataa, Finfinnee,
13Warshaa Biqilaa BiiraaBiqilaaGarbuuBiiraa qopheessuufAssaalaa
14Warshaa JaakaradaaZayitaaJaakaradaaNyaata mi’eessuuf 
15Warshaa Daakuu fi BiskuutaDaakuu Daqiqaa fi Biskuuta gara gara qopheessuufKamaddiiNyaatafAkaakii, Duukkam
 16Warshaa GogaaGogaa bifa adda addaaGogaaloonii,hoola,ra’ee fi kkf’nKophee,Saqqii,Borsaa fi Uffa ta adda addaaMoojoo,Hawaasa, Finfinnee

3.4. Faalama Naannoo( Environmental Pollution)

Faalamni maali? Maaltu Faalama Fida?

Bakki jireenya lubbuu qabeeyyii fi lubbuu dhabeeyii keessaa jiratan Naannoo jedhama. Yeroo waantootni hinbarbaachifne  kanneen akka wantoota summawoo,bineensotaa fi biqiloota miidhuu kan danda’an,naannootti yeroo  dabalaman jijjiiramni argamu faalama jedhama.Gabaabamatti faalama jechuun xuraa’ina karaa jijjiirama keemikaalaa ykn faaltota birootin naannoon fayidaa kennuu qabuun  ala ta’uu jechuu dha.Jijjiiramni hin barbaachifne naannaa keessatti yeroo mul’atu faalamni gaggeeffamuu isaa mirkaneessa.Jijjiiramni hamaan naannoon akka faalamu taasisan xurawaa indaastirii, keemikaalaota qonnaa keessatti fayidaa kennan ,gochaa namaatiin waantota naannootti dabalaman: fakkeenyaaf ,geejjibaa fi maddoota faaltota adda addaa eeruu ni dandeenya.

Faalama(pollution)  jecha kana  guuyyaa ti gara  guyyaatti  karaa  oduu, karaa mana barumsaa  yookin hiriyyootakee irraa dhageesseeta ta’a. Hata’uyyuu malee hawwaasni keenyi wantoota naannoo faaluu danda’an heduu isaanii oomishaa oola, oomishini kuniis hundarra caalaa balaa geessisu ta’a.  Beektoonnis waa’ee faalama gosa adda adda naannoo faalaniif haala akkamiin to’achuu akka danda’amuu qorachaa jiru.Faalama kana xiqqeesuufis wanti bayyeen hojetamee jira.  Ammas wanti heduun gara fuula duraatti akka hojjetamuu  qabu wanti mul’isu ni jira.

Jecha faalama jedhu akka mitti hiika itti laataa?_____________________________________

 Wanti hinbarbaachifne (orma) ta’e tokko naannootti lakkifamee ykn gadhiifamee naannoo kan xureessu yoo ta’e faalama jedhama.  Faalamni naannoo irratti gaggeffamu keessaa faalama qilleensaa , faalama bishaanii fi faalama biiyyee kkf taniifaadha.

 Faalamni akaakuu adda addaa qaba.Haala faca’insaa fi madda isaaniitiin qooduu ni dandeenya.

  1. Faalama haala faca’insa(Balal’insa) isaatiin; Faca’insa ykn babal’insa faalamatiin

yeroo ilaallu kanneen ijoo ta’an akka armaan gadiitti ilaalla.isaanis Faalama Qilleensaa, Faalama Bishaaniifi Faalama Biyyeeti.Fakkeenya faalamni biyyee keessatti ta’u kannnen biroo (qillensaa, bishaan) faalu ni danda’a.

b)  Faalama Haala madda isaatiin   : Madda faalamaa yeroo ilaallu, sababoota faalama giddugaleessa godhannee yeroo ilaalluu faalamni maal irraa dhufa kan jedhuuf deebii kan kennuu dha. Akkaataa kanaan maddi faaltotaa bakka gurguddoo lamatti qoodamuu ni danda’a.

i,Faalama uumamaa  ii,Faalama gocha namaan ta’uudha.   

Faaltota (Pollutants)

Waantootni naannootti karaa adda addaatiin baayinni isaanii kan hin beekamne jajjaboo, gariin jajjaboo,dhangala’aa, gaasii ykn suudowwan xixiqqoo kanneen maalummaa naannoo jijjiiruu danda’anii fi jireenya lubbu qabeeyyii fi  dhala namaa  irraan miidhaa geessisuu danda’an faaltota jedhamu.

Gosa Faaltotaa (Types of Pollutants)

Faaltootni bakka lamatti qoodamuu ni danda’u. Isaanis  Faaltota Jalqabaa fi Lammaffoo jedhamu.

i, Faaltota Jalqabaa: Faaltootni gosa kanaa kallattiidhaan madda isaanii irraa gara naannootti dabalamu.Fkn Oksaayidoota Kaarbonii,Naayitirojinii ,salfarii fi kkf dha.

ii,Faaltota Lammaffoo : Faaltootni gasa kanaa immoo naannoo keessatti sababoota jijjiiramoota adda addaatiin faaltot jalqabaa irraa kanneen maddanii dha.Fkn O3, SO3 ,NO2 fi kkf dha.

Ka’umsa (Sababoota) Faalamaa Naannoo

Faalamni Naannoo sababoota gurguddoo lama iraan kan dhufeedha. Isaanis gochaawwan  uumamaa fi namaatiin .

 Gochawwan uumamaa faalama fidan kanneen akka sochii lafaa(kirkira Lafaa),lolaa humna oliin, dhoyinsa volkaanoo ,caccabuu lafaa ,gogiinsa, gubachuu bosonaa, fi kkf faalama uumamaan naannoo keessatti raawwatuu dha.

 Gocha dhala namaatiin faalamni naannoo irratti dhufu kanneen akka baballinsa indaastiriiwwanii,baballinsa magaaltaa , oomisha albudootaa,dhoyinsa adda addaa qabeenyaa uumamaatti seeraan ala fayyadamuu,xuriwwan adda addaatiif of-eeggannoo gochuu dhabuu fi kkf faalama gocha dhala namaatiin naannoo irratti dhufuudha.

3.4.1. Faalama Qilleensaa

Faalamni Qilleensaa sababa jijjiiramootni fiizikaalaa, keemikaalaa ykn Baayolojikaalaa hin barbaachifne atomosfeera keessatti raawwataniif haala qilleensaa xureessuun, fayyummaa ,jiraachuu fi gochaa jireenya orgaanizimootaa kan hubuu dha.Jijjiiramni hin barbaachifne kun kan uumamu sababa gocha ykn jiraachuu faaltotaatiin.Naannoo keessaa atomosfeeriin walitti qabama gaasotaa saffisaan socho’u qaba .Kanaaf haala salphaan faaltota bakkaa bakkatti facaasuun faalama qilleensaa gumaacha. Rakkoon faalama qilleensaa kan mullatu yeroo baayyinni faaltootaa atomosfeera keessatti guddaa ta’ee tatamsa’inni isaanii ulfaataa ta’uu dha.Hunduma irra faalama qilleensaaf sababa guddaa kan ta’e konkolaattota addaa addaa,gubiinsa koolii,rooba asiidawaa,ijaarsa baballisuu,haara tamboo ,xiyyoota annisaa olaanaa qaban,ibidda bosonaa fi kkf dha. Faaltootni qilleensa keessa baay’achuun badii hamaa naannoo irratti fida.Qulqullinni qilleensaa waantota xiyyeeffannoon kennamuufii qabuu dha.Sababni isaa jireenya lubbu qabeeyyiin waan wal-qabatuuf. Faalamni qilleensaa waantot orgaanikaa fi inorgaanikaa atomosfeera keessatti hariiroo waliin qaban irraa kan dhufuu dha.

Maddoota Faalama Qilleensaa

Maddootni faalama qilleensaa maddoota uumamaa ykn nam-tolchee ta’uu danda’a.

Maddoota faalama qilleensaauumamaa: Uumamaan qilleensi naannoo faalamuu ni danda’a. uumamaan qilleensa kanneen faalan daraaraa biqilootaa,fangasii,haara ,dhukkee gochawwan uumamaan qilleensatti dabalaman,fkn volkaanoo irraa, kirkira lafaa irraa, caccabuu lafaa , fi kkf irraa ta’u danda’a.Taataewwan uumamaa armaan olii irraa gaasotni qilleensa faalan kannaan akka CO2,CO,CH4,H2S,Cl2 fi kkf  maddanii qilleensatti ni dabalamu.

Maddoota faalama qilleensaa nam-tolchee ta’anii: Gocha namaatiin faaltooni qilleensatti dabalamuun haala qilleensaa ni jijjiiru. Gochaawwan kanneen keessaa muraasni isaanii;Indaastirii, Daandii baaburaa hojjechuu, geejjiba,gochaawwan daldalaa adda addaa irraa faaltotni maddan heddumminaan kanneen argamanii dha.

 Maddoota nam-tolchee ta’an kana bakka lamatti qooduu dandeenya.isaanis

  1. Maddoota bakka murta’aa qofa irraa argaman : isaan kun kanneen madda hinsochoone irraa argamanii dha.fkn haara wantata gubatan irraa argamu, indaastirii,bakka oomisha albudootaa fi kkf dha.
  2. Maddoota socho’an : isaan kun bakkaa bakkatti socho’uun qilleensatti dabalamaa deemu.fkn,haara konkolaattotaa,baaburaa,pileenii ,doonii fi kkf dha.

3.4.2.   Faalama Bishaanii (Water pollution)

 Adeemsi wanta tokko humnaa ol bishaanitti makamee ququllinumma bishaanii ittii fufsiisuu kan dhoowwu faalama bishaanii jedhama.  Haala kanarraa kan ka’e lubbuu qabeyyiin bishaan keessa jiran haalan midhamuu danda’u. Bishaan haala hedduutiin ni xuraawa yookin immoo ni faalama.

Wantoota bishaan  faala jettee yaaddu keessa hamma ta’e maqaa dhahii?. __________________

______________________________________________________________________________

Waantoonnii bishaan faalani heduudha. Isaan keessaas:

1.  Faaltoota Keemikaalaa Bishaan

Bishaan keemikaalaa adda addaattin ni faalama.Keemikaaloonni bishaan faalan faaltoota inorgaanikii fi faaltoota orgaanikii jedhaman beekamu.

I.Faaltoota inorgaanikii

Faaltoota inorgaaniki kan jedhaman: sibiiloota kan akka Hg, As, Cd, Pb, …kkf, gariin sibiiloota, radiyoo nukilayidootaa, saanayidii ayoonii, amooniyeem ayoonii, H2S, CO2 darba, nutireentotaa kan akka salfaayitii ayoonii, naayitireetii ayoonii, foosfeetii ayoonii.

 II.Faaltoota orgaanikii

Faaltoota orgaanikii: petirooliyeemii haayidirookaarboon kan akka zayitaa, giraasoo, baalfa jajjaboo warshaalee keessaa bahan, daawaa  gara garaa fi diigamsa firiiwaan isaa, Dadamatoota faaltoota orgaanikii (persistent organic pollutants) kan akka farra Peestiisaayidoota isaanis DDT, BHC, indiriin, aldiriin, daayiilidiriin fi diigamsa firiiwaan isaanii. Wantoota Estiroojenikii, keemikaaloonni kunis dalagaa tanaacha indookiraayinii jequn akka sirnaan hojii isa hin hojjeenne taasisuu.  Kompaawundoota baayoo rifiraaterii kannen akka beenzilaa, kilooroformii, mitaayil kiloorayidii, tetiraakilooro itilinii, tiraayikilooro iteenii fi toluuniffaa.

2. Faaltoota Fiizikaalaa Bishaan

i. Wantoonni gara gara bishaan keessatti kuufamu kannen akka kattallee, biyyee, cirrachaa, baala,… kkf.

ii. Jijjirama ho’aa bishaan. Tempireecherrii qaama bishaan ol ka’uu ykn gad bu’u sababa warshaaleen bishaan ho’aa gad-laksaan fi akkasumas bishaan baay’ee qorra gara bishaan waan gadii dhisaaniif tempireecherrii qaama bishaan ni jijjirama.Bishaan gar-malee yoo ho’ee qabiyyee oksijinii xiqqeessuun wantoonni akka qurxummii akka du’aan taasisaa akkasumas wantoonni ho’aa jaallatan (Teermoofilikii) akka keessatti horaniif haala mijjeessa.

3.  Faaltoota Baayiloojikaala Bishaan

Orgaanizimoonni adda addaa bishaan keessatti horuun kan akka vaayiresii, baakiteriyaa, faangasii, pirootozoo’a akkasumas algee, boobatti nama, fincaan, dhokqee beeladoota, nutireentoonni biqiloota gara qaama bishaan galun qabiyyee oksijinii hirisuu fi k.k.f bishaan faalamu ni danda’a.

Faalamni bishaanii karaa biraatiinis  dhufuu dan da’a.  Isaaniis:-

A/      Faalama madda  hin beekamnee ( Nonpoint source pollution(NPS))

Faalama bakka murtaa’ee ykn bakka hin beekamnee maddee  bishaan faaluu danda’u dha.

Fkn   Lolaa ,  wantoota summawoo ta’anii gatamaanii, kosii garagaraa ,  Rooba asiidii (acid rain) kkf.  Fakkeenya biro itti dabaluu dandeessa?

______________________________________________________________________________B/ Faalama madda beekamaa (point source pollution (PS))

Faalama bakka beekamaa irraa maddee bishaan  faalu danda’u dha. Yeroo heduusaas kaninni  wal qabatu warshaalee duukaadha.

Fkn:-  Wantoota xuraawoo warshaa irraa gadi lakkifamnii faadha. Fakkeenya biro itti dabaluu dandeessa?_____________________________________________________________________

3.4.3.Faalama Biyyee (Soil Pollution)

Faalama  biyyee kan jennu adeemsa haalootni ykn adeemsawwan  fiizikaalaa,baayolojikaalaa ykn keemikaalaa qabiyyummaa fi qulqullummaa biyyee jijjiiruun biqilootaa fi orgaanizimoota xixiqqootiif mijataa kan hin taane uumamuu dha.

 Karaa birootiin faalamni biyyee sababa waantootni biyyee keessa jiraatanii dandeettii amala fiizikaalaa,baayolojikaalaa fi keemikaalaa biyyee jijjiiruu qabaniin , amalli biyyeen lubbu qabeeyyii keessa jiran irratti qabu akka jijjiirratu gochuu dha.

Walumaagalatti biyyeen bakka faaltootni jalqabaa hedduun keessatti argamanii fi keessatti baballatan ta’uu irraan kan ka’e,faaltootni jajjaboo,bifa xurawaatiin indaastiriirraa,keemikaalotni hedduun gara biyyee seenu. Faalamni biyyee irra jireessaan biqiloota naannoo murtawaa qofa irratti argamanii (Flora) fi Bineensota naannoo murtawaa keessa jiraatan (fauna) miidhuun baayina isaanii gadi buusuu fi dhabamsiisuu kan danda’uu dha.Kanaaf gosootni bineensotaa fi biqilootaa sababa faalama biyyee tiif baduu ni danda’u.

Karaa birootiin keemikaalotni summawoo ta’an yeroo biyyeetti dabalaman biqilootaan xuuxamuun bineensotni fi Dhalli namaa soorachuun balaaf saaxilamuu danda’u.kanaaf dhalli namaas ta’e bineensotni biroon sababa faalama biyyeef kallattiinis ta’e al-kallattiin ni miidhamu.

 Faaltota Biyyee hubachuuf qabxiiwwan armaan gadii haa ilaallu:

  • Wal-nyaatinsa ykn wal-fudhatiinsa faaltotaa  biyyee keessatti:Adeemsa faaltoonni wal-fudhachuun amala uumamaan biyyeen qabu jijjiruti.
  • Malli ta’annoo biyyee jiraachuu: Adeemsa hordoof gochuun jijjirama biyyeen gochaa deemu adda baasu.
  • Biyyee haaromsuu:Biyyee amala dhabbataa qabu kan isa naannoo jirutin walmadallisisuun  gara garumma jiru hubachuu.

Maddoota Faalama Biyyee

Maddootni Faalama biyyee akkuma kanneen biroo uumamaanis ta’e nam-tolchee nirraa kan dhufuu dha.

  • Taatee uumamaan kanneen biyyee faalan ;Lolaa,cabiinsa lafaa,kirkira lafaa,dhoyinsa volkaanoo fi kkf.uumamaan faalama biyyee kanneen fidanii dha.
  • Gochaa namaatiin faalamni biyyee karaa adda addaa ni dhufa .isaan keessaa muraasni ;xurawaa jajjaboo indaastirii irraa maddan,xurawaa guyyaa guyyaan namootaan gara biyyeetti gatamaniin,Magaalota irraa xurawaa argaman,Bosona ciruu fi keemikaalota qonnaaf oolan kkf muraasa isaaniiti.

Gosoota Faaltota Biyyee

Akka walii galaatti faaltootni gurguddoo ta’an kanneen armaan gadii ja’ani.Isaanis:

1,Faaltota Farra Ilbiisotaa fi aramaa

2,Faaltota Inorgaanikaa

3,Faaltota Jajjoboo

4,Xiyyoota elementoota raadiyoo aktiivii ta’an irraa maddu

5,Ashabummaa biyyee

6,Rooba Asiidawaa.

Gaaffii Marii : Faaltootni armaan olitti eeraman haala kamiin biyyee faaluu danda’u?

3.5.    Maloota Ittisa( To’annoo) Faalama,Qilleensaa, Bishaanii fi Biyyee

3.5.1.    Maloota ittisa(To’annoo) Faalama Qilleensaa

To’annoo faalama qilleensaa jechuun xuraa’ina atomosfeeraa karaa taatewwan uumamaa fi taatewwan nam-tolcheen dhufan irraa qulleessuu jechuu dha.Adeemsawwan uumamaa atomosfeera qulleessuun malleen kanneen akka;harkisa dacheen walitti qabuu,copha roobaan xuuxamuu,fi kkf tiin faaltota qilleensa keessaa dhabamsiisuu.

 Faaltota Kanneen indaastirii irraa dhufaniif malli ittin xiqqeessuun danda’amu;Haftee indaastirii keessaa ba’an,deebisanii itti fayyadamuu(re use) ,Bakkeen walitti qabaman mijeessuun walitti kuusuun qilleensatti akka hindabalamne gochuun faalama qilleensaa xiqqeessuun ni danda’ama.

Malli Baayyee barbaachisaan faalama qilleensaa to’achuuf nu gargaaru;uumamuu faaltotaa xiqqeessuu dha. Guutummaan guututti faaltota dhabamsiisuun waan hin danda’amneef adeemsa isaan ittiin uumaman to’achuun baay’ina isaan ittiin gara qilleensaatti dabalaman xiqqeessuun fala jalqabaa ta’uu danda’a.

Faalamni qilleensaa naannoo ti gara naannootti adda adda waan ta’eef bakka faalamni ulfaataa itti ta’e,mala to’annoo ammayyawaa ta’een to’achuun ni danda’ama.Malleen ammayyawaa ta’an kunis kanneen armaan gadiiti.

1, Mi’oota dheedhii jijjiiruu

2,Adeemsawwan (process) jijjiiruu;

3,Meeshaalee dullooman  fi ammayyawaa hin taane haaraa fi isa ammayyaatiin tiin bakka buusuu

Gaafilee: Maloota armaan olitti eeramaniif barreeffama gabaabaa qopheessuun daree keef dhiyeessi.

3 .5. 2.   Haala faalamni  bishaaniiittiin  to’atamuu

Garee Beektoota(Scientist)  irraa Maddaa fi gosa faalamaa adda baasuuHamma fi kuufama  falamaa adda baasuuDhibbaa geesisu qorachuuHaalatti faalamni to’atamu qorachuuf karoorsuuFaalama kana qulqulleesuu maal ta’uu akka qabu yaada bu’uura kaa’uu.Garee Qaama Seera Baasu irra  Legislators(State agencies) Deeggarsa barnootaaf qarannoo  gochuuSeera faalama ilaallatu baasuuQoqobbii  irra kaahuu fi qaamoota faalaan adabuuHaalli naannoon itti  kununfamu karoorsuuDeeggarsa addeemsa faalamni  ittiin hordofamu Sagantaa baasuu.
Garee Lamiilee irraa/Citizen group Balaa faalama  geessisu wal barsiisuuMadda faalaa adda baasuufi itti gaafatamuummaa akka qabani hawwasa barsiisuuAkka marsaa naana’aa(recycle) ta’u  jajjaeessuu Tola ooltonni akka faalama kana qulqulleessani jajjabeessuuLammiileen fedha qabani sagantaa ququllina bishaanii keessatt fedhaan qooda fudhachuuGaree Warshaalee  irraa/Industries Sagantaa barnoota deeggaruu, fi  qabeenya Uumamaa kunuunsuu.Qulqulina irrati hordoffi gaggeessuHaalii  wantoonni warshaa keessaa bahan  irra deebanii hojii irra akka oolan haala mijeesuuWantoota gaggaarii fi ammayyawoo qorannootiin argamaniin faayyadamuuQabeenya uumamaa hawwaasa tajaajilani irratti walii galaan hojjechuu

3.5.3. Maloota ittisa (To’annoo )faalama biyyee

Biyyeen amala inni qabuu fi qabiyyummaan isaa jijjiiramee naannoo rokkoo irra ituu hin buusiin kunuunsuun barbaachisaa dha.Maloota faalama biyyee hambisuu danda’an keessaa muraasa akka armaan gadiitti ilaaluu yaalla.

1,Itti fayyadama farra Ilbiisotaa fi aramaa xiqqeessuu

2,Itti fayyadama xaa’oo sakatta’aa deemuu

3,Malleen biqilootni ittiin dhaabamuu qaban ammayyawaa taasisaa deemuu

4, Xurawaa dhabamsiisuuf bakka mijataa filuun itti fayyadamuu

5,Bosonaa fi Lafa margaa seeraan kunuunsuun itti fayyadamuu

6, Lafti qilleensaan akka hin dhiqamneef waantota ittisan dhaabuu

7,Naannoo lolaan itti baayyatu akaakuu margaa filatamaa ta’e dhaabuun dhiqamuu biyyee hirrisuu

8, Lafa duwwaa ta’e deebisanii misoomsuu, bakka mukeen muraman deebisanii dhaabuun itti fayyadamuu.

9,Daandii siicoon indaastirii fi magaalaa keessaa bahu ittiin walitti qabamu diriirsuu.

10,Wantoota biyyee faalu danda’an irradeebi’an akka fayyadaman gochuu.

11, Keemikaaloota irra mallota baayoolojikaalaa faayadamu.

Gaaffilee Marii ;

  • Biqilaa dhaabuun haala kamiin faalama biyyee xiqqeessuu danda’a
  • Daagaa baasuun fayidaa maalii qabaata?

Gaaffilee boqonnaa

1,Akaakuu faaltota biyyee ,qilleensaa fi bishaanii adda baasi

2,Farri ilbiisotaa attamitti naannoo faaluu danda’a?

3,Barreeffama gabaabaa mata-duree armaan gadii irratti nqopheessi?

       Xurawaa summawaa

       Xurawaa qonnaa irraa dhufu

4,Hiika faaltota armaan gadii barreessi

   I, Faaltota inoprgaanikaa

  Ii, Farra ilbiisotaa turuu lafa keessa danda’an

5,Maddoota faaltota jajjaboo ta’anii tarreessi.

Kitabilee wabii (References)

Text Book of Grade ten and twelve Chemistry (Old Curruculum, Mega Publishing 

  Enterprise, 2000)

General Chemistry, Chem 105 (Distance Education Project 17000, MOE, 2000)

The Molecular Nature of Matter and change, Silberberg, Second Edition)

Linkages between agricultural research and agro-industries in Africa, the case of Athiopia

http://bds-ethiopia.net/textile/index.html

What is water pollution? Monty C. Dozer, Asistant professor and Extension water Resources Specialist.

http://www.scdhec.gov/environment/lwm/recycle/pubs/natural_resources.pdf

J.D. Lee a New concise Inorganic Chemistry, 3rd Edition, ELBS, 1977

F.A. Cotton, and G. Wilkinson, Basic Inorganic Chemistry, Willey, New Delh1975

P.C. Kamboj, Selected Topics in advanced Inorganic Chemistry, Central Books Depot, Allahabad 1979.

Ebbing D.D 1998.General Chemistry.Houghton miffling Company. USA

Bradye.and Humstston E., 1982 General Chemistry. John Wiley and Sons, Inc. USA

Masterton W.L and Hurley C.N., Chemistry ¨Principles and Reactions

Alkins P.W., Beran J.A. 1992 General Chemistry.

Miller F.M. 1984 Chemistry: Structure and Dynamics. McGaraw Hill Inc. USA.

Saayinsii Bu’uuraa- II (BSC 102)

Yaadannoo gabaabaa Qabiyyee Fiiziksii irratti Qophaa’e

Bara 2006

1. Elektiroostaatiksii 1

1.1. Chaarjii elektirikii 1

1.2. Malleen Chaarjessuu. 3

1.2.1. Rigataan chaarjessuu. 3

1.2.2. Tuqaatiin Chaarjessuu. 4

1.2.3.  Siniinaan Chaarjessuu. 5

1.3. Elektirooskooppii 6

1.4. Dirree Elektiriikaa fi Humna Elektiriikaa. 6

1.4.1. Humna Eletitirikii (Humna Kolombii) 7

1.4.2. Cimina dirree elektiriikii 8

1.5. Kuufama Elektiriikii 9

2. Kaarentii Elektirikii fi Maagineetii 14

2.1. Kaarentii Elektiriikii 14

2.2. Madoota Caalmaa Kuufamaa. 16

2.3. Kaarentii Elektrikii fi Vooltejii safaruu. 16

2.4. Seera Ohmii fi Hittisummaa. 17

2.5. Qabattoota hittisa hittisoowwanii daangessan. 18

2.6. Qindoomina Hittisoowwanii 19

2.6.1. Qindoomina hittisoowwan daandii sirrii 20

2.6.2. Qindoomina hittisoo daandii waltarree. 21

2.7. Anniisaa fi Aangoo Elektirikii 23

2.8. Yaad-rimeewwan Maagineetiizimii 24

2.9. Dirree maagineetii 25

2.10. Cimina Dirree Maagineetii fi Filaaksii Maagineetii 26

2.11. Elektiroomaagineetiizimii 26

2.11.1. Dirree maagineetawaa naannoo dabarsoo qajeelaa kaarentii Baatuu. 27

2.11.2. Humna maagineetii chaarjii dirree maagineetii dhaabbataa keessa   socho’aa jiru irraa. 28

2.11.3. Humna maagineetii shuboo dabarsoowwan kaarentii elektirikii wal tarree gidduu. 28

3. Dambalii fi Optiksii 32

3.1. Tamsa’ina Dambalii 32

3.2.  Akaakuuwwan dambalii 34

3.3. Jechoota (termoota) sochii dambalii ibsan. 36

3.4. Amaloota Dambalii 37

3.5. Dambalii sagalee. 40

3.6. Balaqqeessa’uu sagalee. 41

3.7. Uumamaa fi tamsa’ina ifaa. 43

3.7.1. Balaqqeessa’uu ifaa. 43

3.7.2. Dabee darbuu ifaa. 51

Boqonnaa 1

1. Elektiroostaatiksii

Seensa

Boqonnaa kana keessatti waa’ee chaarjii elektirikii, maloota chaarjessuu, elektiroskooppii, dirree fi humna elektirikii fi kuufama elektirikii ilaalla. Chaarjonni pozatiivii fi negaatiivii jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Chaarjonni lamaa fi isaa ol ta’an fageenya murtaa’aarra yoo jiraatan humna walirratti dalageessu. Maloota chaarjessuu kanneen akka rigataan, tuqaatiinii fi siniinaan chaarjessuu gad-fageenyaan ni ilaalla. Dhumarrattis kuufamni  elektirikii maal akka ta’e ni hubanna.

Kaayyoo barannoo boqonnichaa

Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:

  • Amaloota chaarjii elektiriikii ni agarsiisu
  • Malleen chaarjessuu adda addaa ni hubatu

1.1. Chaarjii elektirikii

Chaarjonni elektirikii eessaa argaman?

Dhaloota  kiristoosiin dura Giriikonni yeroo ambarii fi fariin (fur) walitti rigamu ifa (spark) akka uumamu  fi wantoota sasalphaa ofitti harkisuu akka danda’an hubatani. Jechi Giriikii iraa amberii jechuun elektiroonii  jechuu dha. Jecha elektiroon jedhu kanarraa elektiriksiitiin moggaafame. Maatariin atoomotarraa, atoomonni ammo suudowwan baay’ee xixiqqoo  kanneen akka pirootoonii, elektiroonii fi niwutiroonii ta’an irraa tolfame.

Gaaffii: Gosooti chaarjii meeqatu jiru? Caasaalee atamii kaasii moggaasi.

Fakkii 1.1:  Caasaalee atamii

Gaaffii: Kabajamoo leenjifamtootaa mee tokkoon tokkoon suudoowwan xixiqqoon kun chaarjii isaan baatan irraatti mari’adhaatii bu’aa marii keessan dareetti dhiheessaa!

Gabateen armaan gadii akaaku chaarjii fi hamma chaarjii suudoowwan xixiqqoo atoomiin tokko qabdu ibsa.

Sudoowwan xixiqqoo atoomiiBakka bu’eeGosoota ChaarjiiHamma chaarjii tokkoo tokkoon suudowwaniiHanga tokko tokkoo suudoowwanii
Puruutoniie+Poozatiivii+ 1.6×10-19C
ElektirooniieNagaatiivii-1.6×10-19C
NiwutirooniiNHimbaabsawaa0
  • Chaarjiin elektiriikii gosa lamatu jiru. Isaanis chaarjii poozatiivii fi chaarjii nagaatiivii jedhamu. Kana yeroo jalqabaatiif kan moggaase Beenjaamiin Firaankiliini. Elektiroostaatiksiin damee Fiiziksii kan waa’ee chaarjota boqonnaarra jiranii qo’atu dha.
  • Yuunitii waaltawaan chaarjii elektiriikii kolembii(C) dha.
  • Elektiroonii fi pirootooniin chaarjii hammaan wal qixa ta’ee fi akaakuun  faallaa ta’e baatu (  =1.6 x10-19C fi    – 1.6×10-19C).
  • Chaarjiin dimshaashaa atomii himbaabsawaa (newutiral ) irraa zeeroo dha (1.6 x10-19C +- 1.6×10-19C=0)

Amaloota bu’uura chaarjii elektiriikii

Gaaffii: Leenjifamtootaa! Mee amaloota bu’uura chaarjii elektiriikii himaa.

  • Chaarjiin elektiriikii yeroo mara gitaa’aa dha. Chaarjiin elektiriikii hin baduus hin uumamus, garuu qaama tokkorra gara qaama birootti darbuu ni danda’a.
  • Hammi chaarjii elektiriikii qaama tokkoo baay’ataa bu’uura chaarjii ti. Innis        

Q=+ne,       n:   lakkoofsa intiijeraa ti.

  • Chaarjiin elektiriikii gosaan lama, kan walfakkaatan (gostokkeen) wal-dhiibu, kan wal hin fakkaanne (gos-addee) ammo wal-harkisu.

Gaaffii

  1. Chaarjonni wal-fakkaatan waldhiibu moo wal-harkisu?
  2. Atoomiin tokko yeroo kam himbaabsawaa, nagaatiivaan chaarja’e fi posatiivaan chaarja’e jedhama?

1.2. Malleen Chaarjessuu

Gaaffii:

  • Chaarjessuu jechuun maal jechuu dha?
  • Bay’inni pirootoonii baay’ina elektiroonii caaluu kan danda’u yeroo kam sitti fakkaata?
  • Malleen chaarjessuu gulantaa barannoo Fiiziksii gadiitti tarreessuun garaagarummaa isaanii ibsaa.

Chaarjessuu jechuun lakkoofsi chaarjii gosa murtaa’ee tokkoo atomii tokkoo irratti akka baay’atu gochuu jechuu dha. Adeemsa chaarjessuu keessatti qaama tokko irraa gara qaama birootti kan daddarbu elektiroonii malee piruutonii miti. Qaama tokko irratti yoo baay’inni pirootoonii  irra guddaa baay’ina elektiroonii ta’e qaamichi poozatiivaan chaarja’e jenna; baay’inni pirootoonii irra xiqqaa baay’ina elektiroonii yoo ta’e ammo qaamichi negatiivaan chaarja’e jenna.  Waanti chaarji dhabeessa (himbaabsawaa) ta’e tokko maloota armaan gadiin chaarja’uu danda’a. Isaanis rigataan chaarjessuu, tuqaatiin chaarjessuufi siniinaan chaarjessuu dha.

1.2.1. Rigataan chaarjessuu

Gocha 1.1

Meeshaalee barbaachisan: waraqaa ciccitaa fi poliitiinii.

Tartiiba Raawwii:

  • Poliitiinii rifeensa mataa keetti rigi.
  •  Hatattamaan gara waraqaa ciccitaatti dhiheessi. Maaltu ta’e?

Akka fakkii 1.2  irraa ilaallutti, waraqaa ciccitaan gara poliitiiniitti harkifamuun itti maxxanu. Sababni isaa maali jettee yaadda? Ibsi

Fakkii 1.2: Mala tuqaatiin chaarjessuu

Akka gocha 1.1 irraa wantoota himbaabsawoo lama waliin riguun chaarjessuun ni danda’ama. Wantonni waliin rigaman kana keessaa qaamni tokko elektiroonii yommuu laatu inni biro ammo elektiroonii fudhataa. Qaamni elektiroonii laatu poozatiivaan yommuu chaarja’u qaamni elektiroonii fudhatu ammo negaatiiviin chaarja’a. Elektiroonii fudhachuuf laachuun waantotaa amala waantotaa sana lamaan irratti hundaa’a.  Fakkeenyaaf, poliitiiniin amala elektiroonii ofitti fudhachuu yeroo qabaatu rifeensi ammo amala elektiroonii kennuu qaba. Kanaafuu, gocha kana irraa rifeensi poozatiiviin yommuu chaarja’u politiniin ammo negaatiiviin chaarja’a. Adeemsa tuqaatiin chaarjessuu booda qaamonni lamaan chaarjii faallaa ta’e qabaatu.

1.2.2. Tuqaatiin Chaarjessuu

Tuqaatiin Chaarjessuun:

  • Qaamni tokko tuqaatiin kan chaarja’u yeroo qaama hin chaarja’iin tokko qaama chaarja’etti tuqisiisuun  chaarjiin qaama chaarja’e irraa gara qaama hin chaarjofneetti darbu dha. Si’a kana qaamni chaarja’uu fi qaamni chaarjessu   gosa tokkoon chaarja’u (charjii gosa tokko baatu).
  • Adeemsa tuqaatiin chaarjessuun booda qaamonni lamaan chaarjii gosa tokkoo fi wal qixa ta’e qabaatu. Fakkii 1.3 armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.

Fakii 1.3: Mala tuqaatiin chaarjessuu

Fakkeenya

  1. Rifeensa mataa  guyyaa jiidhinsa hin qabne filuun filaa saanarratti chaarjii  hammi isaa  ta’e uuma . Elektiroonota meeqatu rifeensa kee irraa gara filaatti darbe?

Kennama                              Barbaadamaa             Furmaata

                  n=?                  

                                     n=1×10-8/1.6×10-19 = 6.25×1010 elektiroonota

Kanaafuu filaan kun elektiroonota biiliyoona 62.5 argateera.

1.2.3.  Siniinaan Chaarjessuu

   Gocha 1.2

Meeshaalee barbaachisan: Ulee pilaastikaa negaatiivaan chaarja’e, shiboo elektiriikii fi isfiirii sibiilaa himbaabsawaa

Tartiiba Raawwii:

  • Isfeerii sibiilaa himbaabsawaa (Fakkii 1.4a)
  • Ulee pilaastikaa isfiirii sibiilaatti butuun kaa’i (Fakkii 1.4b).
  • Erga chaarjonni addaan fo’amaniin booda shiboo elektiriikii (dabarsoo) tiin lafaa wal qabsiisi (Fakkii 1.4c).
  • Yeroo muraasa booda dabarsoo irraa hiiki (Fakkii 1.4d).

Fakii 1.4: Mala siniinaan chaarjessuu

Bu’aa gocha 1.2: Fakkii armaan olii kana irraa akka ilaalutti, adeemsa siniinaan chaarjessuu keessatti qaama chaarja’e tokko qaama himbaabsawaa biratti butuun osoo wal-hintuqsiisin chaarjota qaama himbaabsawaa keessa jiran seera bu’uura chaarjotaarratti hundaa’uun akka addaan fo’aman taasisuu dha (Fakkii 1.4b).                                                                         

Erga chaarjonni qaama himbaabsawaa keessaa addaan fo’amaniin booda, shiboo dabarsoo elektiriikiitiin lafaan wal-qabsiisuun (Fakkii 1.4c), qaamni chaarjessu negaatiiva yoo ta’e, elektiroononni isfeerii irraa gara lafaatti yaa’uun qaamichi poozatiivaan chaarja’a. Adeemsi chaarjessuu akkasii qaamni lamaan osoo wal-hintuqin (walitti siksuun) chaarja’uu kun siniinaan chaarjessuu jedhama. Adeemsa siniinaan chaarjessuu booda qaamonni lamaan chaarjii gosa faallaa qabu.

Gaaffii: Leenjifamtoota! Yoo qaamni chaarjessu poozatiiva ta’e, qaamni himbaabsawaa ture akkamiin akka chaarja’u garee keessaniin irratti mari’a dhaa. Adeemsa isaas fakkiin mul’isaa Bu’aa marii keessanii dareef dhiheessaa.                                                                                         

1.3. Elektirooskooppii

Gaaffii:

  1. Elektirooskoppiin maali?
  2. Faayidaa isaas tarreessi.

Elektirooskooppiin:

Fakkii 1.5:  Eletirooskoppii  

Meeshaa salphaa amaloota chaarjii qo’achuuf fayyaduu dha.

  • Gosa fi hamma chaarjii qaama tokko irratti argamu addaan baasuuf gargaara.
  • Qaamni tokko chaarja’uu fi dhiisuu isaa mirkaneessa.
  • Meeshaan tokko dabarsoo fi mit dabarsoo ta’uu isaa adda basuuf gargaara.

Piroojektii:

Wantoota naannookeetti  argamu irraa elektirooskooppii hojjedhu. Qaama isaa fi faayidaa isaas barreessi.

1.4. Dirree Elektiriikaa fi Humna Elektiriikaa

Naannoon chaarjotaa elektirikii ta’ee bakka humni elektrikii qaqqabuu danda’u dirree elektirikii jedhama.

Sarara Dirree Elektirikii

Sararri dirree elektirikii sarara yaadaa ta’ee kallattii humni elektirikii chaarjii yaalii irratti dalageessu kan ibsu dha.  Kallattii sarara dirree elektirikii tokko agarsiisuuf yeroo mara chaarjii yaalii naannoo qaama chaarja’ee tokko kaa’uun barbaachisaadha.

 Amaloota sarara dirree elektrikii

  1. Sararrii dirree elektrikii chaarjii poozetiivii irraa baha; chaarjii negatiiviitti ammo ni seena

                                       Chaarjii poozatiivii                            Chaarjii negatiivii                                                                                

  • Sararri dirree elektrikii wal – hin qaxxaamuru
  • Kallattiin sarara dirree elektirikii gara kallattii humni elektirikii chaarjii yaalii irratti dalagaa’uuti.
  • Bakka sararri dirree  elektrikii  rukkatutti cimni dirree elektrikii guddaa dha.

1.4.1. Humna Eletitirikii (Humna Kolombii)

“Humni chaarjota elektiriikii lama (  fi ) gidduu jiru bay’ataa chaarjota lamaanii waliin  hariiroo kallattii sirrii yoo qabaatu iskuweerii fageenya ( ) gidduu isaan jiruun waliin ammo hariiroo fuggisoo qaba” jedha.

Herregaan,   

     ,

                                                                       k =  = 9×109Nm2/C2,   dhaabbataa eeyyamamaa iddoo duwwaa keessaa           

Fakkeenya

  1. Chaarjonni lama hammi  isaanii   fi    fageenya 3cm gargar fagaatanii argamu.

a) Humna chaarjonni kuni lamaan wal irratti dalageessan Shallagi.

b) Humni gidduu isaaniitti uumamu humna dhiibuu moo humna harkisuuti?

019N       

  • Elektiroonii fi pirootooniin  atomii haayidiroojiin giddugaleessaan  wal irraa fagaatu. Hamma humna elektirikii fi humna harkisa dachee gidduu suudoowwan kana lamaanii jiruu barbaadi?  Kamtu caalaa?

Furmaata:

         Reeshoon    kanaafuu, humni elektirikii humna harkisa dachee caala.     

1.4.2. Cimina dirree elektiriikii

Ciminni dirree elektirikii hamma humna elektirikii chaarjii yaalii irratti dalagaa’uu ti. Herregaan,

E=  

 Karaa biro,

                                            E=  = k  ;   Yuunitiin cimina dirree elektiriikii    dha.

            Fakkeenya:

  1. Chaarjiin +12nC humna 3.6×10-4N iddoo duwwaa keessatti yoo dalageesse, ciminni dirree elektirikii iddoo kanatti meeqa?

            Kennama                                      Barbaadamaa                             Furmaata

Q =12nC =12×10-9C                            E =?                                  E=F/Q

                Fe =3.6×10-4N                                                                                          =3.6×10-4N/ 12×10-9C  A

  • Hammi cimina dirree elektirikii chaarjii  irraa fageenya 2m irratti meeqa?
  • Fakkii armaan gadii  irratti hundaa’uun dirree elektiriikii tuqaa P irratti barbaadi.   

Furmaata

E1 = kq1/r2 = 3.6×10-10N/C

E2= kq2/r2 = -2.9 x10-9N/C

Enet= E1 + E2 = –2.5 10-9 N/C

 Enet  = 2.5 10-9 N/C, gara chaarjii q1tti

 

 1.5. Kuufama Elektiriikii

Anniisaa kuufama elektirikii

Annisaa kuufama elektirikii jechuun chaarjii yaalii dirree elektirikii walfakkaataa ta’e keessaa tuqaa tokko irraa gara tuqaa birotti sochoosuuf dalagaa dalagaa’e waliin wal qixa.

Herregaa, WAB=UA-UB=Eqod

Karaa biro, chaarjonni q1 fi q2 wal irraa r fagaatanii jiraniif annisaan kuufama elektirikii hima armaan gadiin kennama.

Kuufama elektirikii

Kuufamni elektiriikii qabxii lama  A fi B  gidduu kan ibsamu, chaarjii yaalii qabxii  A irraa gara qabxii B tti geessuuf hammi dalagaa dalagaa’uu hamma chaarjii yaaliitiif hiruun argama.

Bifa herreegaatiin:  VB -VA=

  • Yuunitii waltawaan kuufama elektiriikii vooltii (V) jedhama.
  • 1V=1J/C
  • Dalagaan chaarjii yaalii qabxii A irraa gara B tti fiduuf dalageeffamu

WAB=Fed=Eqo d

  • Himoota wal-qixaa kana yeroo walitti fidnu:

V=Ed  

Kuufamni elektirikii chaarjii tuqaa  q fageenya r irrattii, hima armaan gadin kennama  

V=

Fakkeenya

  1. Ciminni dirree elektirikii pileetota lama kan 40cm gargar fagaatanii gidduutti uumame yoo ta’e, Caalmaan kuufamaa pileetota kana lamaan gidduu jiruu meeqa?
  1. Chaarjii hammi isaa  ta’e chaarjii  tiin fageenya  tti fiduuf dalagaa hammamtu dalagamee?

Qabxiilee ijoo boqonnichaa

  • Chaarjiin elektirikii gosti lamaan poozatiivii fi nagaatiivii jedhamu.
  • Malootni chaarjessuu: Rigataan chaarjessuu, Tuqaatiin chaarjessuu fi Siniinaan chaarjessuu fa’a.
  • Mala chaarjessuu tuqatiitiin qaamni himbaabsawaa tures, qaamni chaarjessus   dhumarratti chaarjii gosa tokkotti qabaatu.
  • Seerri kolombi     tiin ibsama
  •  Naannoon chaarjotaa bakka humni harkisuu yookiin dhiibuu dhaqqabuu danda’uu dirree elektiriikii jedhama.
  • Yuunitiin cimina dirree elektiriikii    dha. Kallattiin sarara dirree elektiriikii gara kallattii humni elektirikii chaarjii yaalii irratti dalagaa’uuni dha.
  • Dirreen elektiriikii chaarjii pozatiiva irraa bahuun chaarjii negaatiiva seenu.
  • Kuufamaa elektirikii chaarjii tuqaa V= , n kennama
  • Yuunitii waltawaan kuufama elektiriikii vooltii (V) dha.

Gocha

  1. Adeemsa qaama chaarja’e tokko qaama himbaabsawaa ta’e birattii dhiyeessuun mala siniinaan chaarjessuu tartiibota tokkoon tokkoon hordofamuu qaban fakkiin agarsiisi.
  2. Fakki meeshaa elektirooskooppii kaasuun ibsa erga itti kennitee booda, meeshicha kanatti fayyadamuun qaama tokko chaarja’aa ta’uu fi dhiisuu isaa akkasumas chaarjii gosa qaamichi baatee akkamiin adda baasuun akka danda’amu irratti   ibsa ga’aa ta’e kenni.
  3. Seera gitaa’ummaa chaarjii elektiriikii ilaalchisee raga qabatamaa yaaliin mirkanaa’e irratti hundaa’uun ibsa bal’aa kenni.
  4. Sararoota dirree elektiriikii haala armaan gadiitiin qindaa’an fakkiidhaan kaasuun agarsiisi.
  5. Chaarjii tuqaa negatiivii adda baatee jirtu
  6. Isfiirii chaarjii gosa negatiiviin chaarja’ee adda bahee
  7. Chaarjota tuqaa pozatiivii chaarjii tuqaa negatiiviitti dhiyaatee argamu
  8. Chaarjii tuqaa pozatiivii chaarjii tuqaa pozatiiviitti dhiyaatee argamu
  9. Chaarjii tuqaa pozatiivii pileetii sibiilaa guddaa dachiidhaan wal-qabsiifametti dhiyaatee argamu
  10. Pileetii haala armaan oliitiin pozatiiviin chaarja’ee fi pileetii sibiilaa guddaa dachiidhaan wal-qabsiifameen wal-tarree ta’ee argamu
  • Pileetotiin lama A’n +10µC fi B’n–10µC chaarjii shiboodhaan maltimeetira caalmaa kuufamaa dubbisutti qabsiisuun fageenya d armaan gadiiirratti maltimeetira dubbisi
  • 0,
++++++++ ++++++++++++++++++++++++
– – – – – – – — – – – – – – — – – – – – – — – – – – – – ———————–

0.5cm, fi                                   A                                              

  1. r =                                                                                              B

                                                                                                   d

Gaaffilee shaakalaa

  1. Maloota chaarjessuu sadii gadi fageenyaan ibsi.
  2. Wantoonni poozatiiviin chaarja’e tokko mala tuqatiin qaama A chaarjesse. Qaamni A ammo mala sininaan qaama B chaarjesse. Qaamni B ammo mala tuqaatiin qaama C yoo chaarjesse, gosa chaarjii qaama A, B fi C irraa maali?
  3. Baaluunii otoo mataatti rignee maaltu ta’a?
  4. Fageenyi chaarjota wal-qixaa lama gidduu jiru si’a lamaan yoo dabale humni elektirikii isaan wal-irratti dalageessan akkam ta’a?
  5. Wantoon lama wal-harkisu. Waa’ee chaarjii tokkoon tokkoon isaanii maal beekta’a?
  6. Wantoon tokko akkamiin chaarjii elektirikii poozatiiva ofitti fudhata?

Piroobileemota

  1.     ‘n fageenya  walirraa fagaatanii yoo jiraatan humna elektirikaa  gidduu isaaniitti uumamuu shallagi.
  2. Ciminni dirree elektirikii chaarjii  irraa fageenya 50cm irratti jiruu meeeqa.
  3. Chaarjonni lama kan hammi isaanii 6m gargar fagaatanii jiru. Hammi cimina dirree elektirikii walakkaa chaarjii lamaanii irraatti jiruu meeqa.
  4. Chaarjii hammi isaa  tuqaa lamaan dirree elektirikii keessa deemsisuuf yoo dalagaan 100J barbaachise , caalmaan kuufamaa tuqaalee lamaan kana gidduu jiruu meeqa?
  5. Wantoo A’n chaarjii  baatu. Yoo fageenyi  Wantoo A fi Wantoo b gidduu jiru 20cm ta’e ,hamma humna isaan wal-irratti dalageessanii shallagi.Humni kun humna wal dhiibuu moo humna wal harkisuuti? Maaaliif?
  6. Chaarjonni sadan q1=65µC, q2 =50µC, fi q3= -86µC iin danaa rog-sadee armaan gadii irratti kennamaniiru. Humna elektirikii dimshaashaa  fi caalmaa kuufamaa chaarjii q1 irrattii shallagi.                             
  • Fakkii armaan gadii irraa  cimina  dirree elektirikii tuqaa C irra jiru barbaadii.                                                                                          

Boqonnaa 2

2. Kaarentii Elektirikii fi Maagineetii

Seensa

Boqonnaa darbe keessatti waa’ee  chaarjii boqonnaarra jiruu ilaalleerra. Boqonnaa kana keessatti ammoo waa’ee chaarjii sochiirra jiruu gadi fageenyaan ilaalla. Kana jalatti kanneen akka kaarentii elektirikii, Seera Ohm, dhimmoota hittisa hittisoo daangessanii, hittisoowwan wal qabsiisuu, anniisaa fi aangoo elektirikii fi elektiroomaagineetizimii ilaalla.

Kaayyoo Boqonnichaa

Dhuma boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:-.

  • Seera ohoomii if sababoota hittisa hittisoowwan daangessan ni hubatu.
  •  Daandii elektiriikii irratti malleen hidhinsa hittisoo ni baru.
  • Meeshaalee anniisaan elektiriikii keessatti jijjiiramuu fi fayyadama aangoon elektiriikii addaan ni baasu.
  • Waa’ee elktiroomaginetii fi amaloota  elektiroomaaginetii maaginetii ni ibsu.
  • Sarara filaaksii maaginetii fakkiin ni agarsiisu.

2.1. Kaarentii Elektiriikii

Gaaffii Bu’uuraa: Garee keessaniin irratti mari’achuun gabaasa dareef dhiheessaa.

  1. Kaarentiib elektiriikii jechuun maal jechuu dha?
  2. Garaagarummaan Kaarentii elektiroonii fi kaarentii  waliigaltee maali?
  3. Hiika ittisoo elktirikii fi Dabarsoo elektirikii erga ibsitee booda Fakkeeny isaanii tarreessi

Caalmaan kuufamaa qixa lamaan dabarsoo keessa yoo jiraate chaarjotni gurmaa’uun tarree galanii kallattii murtaa’e irra yaa’u. yaa’insi chaarjotni gurmaa’anii tarree galuun qixa tokko irra godhan kun kaarentii elektirikii jedhama.wantootni Kaarentii elektiriksiitii of keessa dabarsuu danda’an dabarsoo elektirikii yoo jedhaman kanneen yaa’insa kaarentii hin dabarsine ittisoo (miti-dabarsoo) jedhamu. Walumaagalatti, Yaa’uun chaarjotni elektrikii bal’ina qaxaamura dabarsoo elektrikii keessa yeroo murtaa’e keessatti godhan kaarentii elektrikii jedhama.

 I = Kaarentii Elektirikii, Q =  Chaarjii elektirikii fi  t = yeroo itti fudhate bakka bu’a.

Yuunitiin kaarentii elektirikii Amperii (A) jedhama. Maqaan kunis kan moggaafame hayyicha Fiiziksii biyya Faransaayii “Charles De Amper” jedhamu kan yeroo duraaf kana argate dha.

Yuunitiin  biro kaarentii ittiin ibsamu:

1mA = 10-3A             m = Milii

1µ A  =  10-6A             µ =  Maayikiroo

1n A = 10-9A              n = Naannoo

1pA= 10-12A               p = Piikkoo

Kaarenti amperii tokkoo kan uumamu, yommuu chaarjiin kolombii tokkoo bal’ina qaxaamura murtaa’e keessa sekoondii tokko keessatti darbe dha.

                                 
Chaarjii negaatiivii akka baattoo chaarjolee socho’anuutti yoo fudhanne, kallattiin  kaarentii elektiriikii bantoo nagaatiivii irraa gara bantoo pozatiiviitti yemmuu ta’u kaarentiin kun Kaarentii elektiroonii jedhama.

Chaarjii pozatiivii akka baattoo chaarjolee socho’anuutti yoo fudhanne, kallattiin kaarentii elektiriikii bantoo pozatiivii irraa gara bantoo nagaatiiviitti  yemmuu ta’u  kaarentii kun Kaarentii waliigaltee jedhama (Fakkii 8. 1 ilaali).

                                  Fakkii 2.1 Kallattii Kaarentii Elektirikii

Fakkeenyota

  1. Chaarjiin 12C qixa dabarsoo tokko keessa sakoondii 4 keessatti yoo darbe, kaarentiin yaa’e hammami?

Kennama                       Barbaadamaa                            Furmaata

Q = 12C                                    I=?                                              I = Q/t

t= 4s                                                                                             = 12C/4

                                                                                                       =3A                                                                                                                                                                                                          .

  • Kaarentiin 60mA dabarsoo tokko keessa daqiiqaa 2f yoo yaa’e, chaarjiin daddarbe meeqa ta’a?

  Kennama                       Barbaadamaa                            Furmaata

I = 60mA= 0.06A                      Q =?                                          I = Q/t

  t=2min=120s                                                                             Q = It

                                                                                                      = (0.06A)(120s)

Marii garee

  1. Kaarentiin15A dabarsoo tokko keessatti daqiiqaa 30f yaa’eera.
  2. Chaarjii yeroo kana keessatti dabarsicha keessa darbe
  3. Baay’ina elektiroonota qixa dabarsichaatti darbanii, shallagi   

Gaaffii shaakalaa

  1. Kaarentiin elektirikii hammi isaa 0.5A ta’e daqiiqaa 2 keessatti balbii yoo yaa’e,
  2. Yeroo kana keessatti hamma chaarjii yaa’ee shallagi.
  3. Hamma elektiroonii chaarjii kana keessaa barbaadi.
  4. Chaarjiin 110C qixa dabarsoo tokko keessa daqiiqaa lama keessatti yoo darbe kaarentiin yaa’e hammami?
  5. Kaarentiin 80mA dabarsoo tokko keessa sekondii 140f yoo yaa’e chaarjiin daddarbe hammami ta’a
  6. Kaarentiin 10A dabarsoo tokko keessatti daqiiqaa 60f yaa’eera. Chaarjiin yeroo kana keessatti dabarsicha keessa darbe hammami? Baayyinni elektiroonotaa qixa dabarsichaatti darban meeqa ta’a?

 2.2. Madoota Caalmaa Kuufamaa

Kaarentiin elektirikii dabarsoo keessa yaa’uu kan danda’u yoo fiixee isaa lamaan jidduu caalmaan kuufamaan jiraate qofaa dha. Caalmaan  kuufamaan kun jiraachuuf immoo wanti madda annisaa ta’ee fi fiixeewwan dabarsoo jidduu chaarjota sochoosuu danda’u jiraachuu qaba. Maadootni caalmaa kuufamaa baakamoon Seelii elektirikii,seelii soolaarii fi jenereetara.

2.3. Kaarentii Elektrikii fi Vooltejii safaruu

  1. Kaarentii Safaruu

Kaarentiin elektrikii meeshaa  Ammeetirii jedhamuun safarama. daandii elektirikii keessatti idoo bu’ee qabaata. Kaarentiin elektirikii daandii elektirikii keessa yaa’u tokko safaruuf ammeetirii, ittisoo fi maddi elektirikii daandii sirriin wal qabsiifamuu qabu

Fakkii 2.2 Daandii elektirikii kaarentii safari.

  •  Caalmaa Kuufamaa safaruu

Vooltejiin madda caalmaa kuufamaa irraa argamu daandii elektirikii keessatti kan safaramu meeshaa Voltimeetirii jedhamuun. vooltejiin meeshaa safarttoo voolteejiiti.  Yuunitiin  Vooltejii  vooltii (V) jedhama. Daandii elektikii  keessatti Voltimeetiriin bakka bu’a

Fakkii 2.3 Daandii Elektirikii Caalmaa kuufamaa safaru.

2.4. Seera Ohmii fi Hittisummaa

  Gaaffii Bu’uuraa

  1. Hariiroo kaarentii, Volteejii fi hittisummaa
  2. Hiika hittisummaa fi dabarsummaa, garee keessaniin irratti mari’achuun dareef gabaasaa.

Fiizisistiin beekamaan biyya Jarman Joorjii Simioon Ohm jedhamu caalmaa kuufamaa adda addaa dalageessuun kaarentii safaree seera hariiroo kaarentii fi voolteejii gidduu jiru ibsu “Seera Ohm” jedhamuun beekamu argateera. Seerri kun dabarsoowwan teeempireechara dhaabbataa qaban qofaaf dalaga.

Seerri Ohm

Kaarentiin dabarsoo elektiriikii tokko keessatti tempireechara dhaabbataa ta’etti yaa’u voolteejii qixa fiixeewwan lamaan dabarsichaa gidduutti jiruu wajjin hariiroo sirrii waliin qaba jedha(Fakkii 2. 3 ilaali).

Bifa herreegaatiin yoo ibsamu:  = Dhaabbataa      R

  • Dhaabbataan qixxaa’umaa kun amala addaa dabarsichaa (hittisa dabarsoo) jedhama.
  • Yuuniitiin waaltawaan hittisoo ohmiin(  dha.
  • Meeshaan ittisoo saafaruuf nu gargaaru ohomeetirii jedhama.

                                               Fakkii 2. 3. Giraafii Vooltejii – kaarentii 

 Yaa’insa chaarjoleeirratti paartikiloota dabarsootiin mormiin ni taasifama. Mormiin yaa’insa chaarjolee dabarsoo elektirikii keessaa hittisa (R) jedhama.

Amalli mateeriyaalonni yaa’insa kaarentii elektirikii hittisuuittiuuf qaban  immoo  hittisummaa ( ) jedhama. Amalli mateeriyaalonni yaa’insa kaarentii elektirik Dabarsuudhaaf qaban  immoo  dabarsummaan ( ) jedhama.

=

Gabatee  2.1 :Maateriyaalonni adda addaa hittisummaa adda addaa qaba

LakkMateeriyaalotaHittisummaa(Ωm)
1Ayranii10 x 10-8
2Aluminiyemii2.82 x10-8
3Siliivarii  (Meetii)1.59 x10-8
4Koopparii1.72 x 10-8

Fakkeenyota

  1. Kaarentii meeqatu Voolteejii 120V fi hittisoo 30Ω keessa darba?

Kennama                                          Barbaadamaa           Furmaata

V=120V, R=30Ω                                          I=?                           I=V/R=4A

2. Hittisoon 200Ω madda caalmaa kuufamaa hin beekamnee wajjin yemmuu wal quunnamu Aameetirri 1.1A agarsiisa. Voolteejiin madda caalmaa cuufamaa hin beekamnee meeqa?

 Kennama                                          Barbaadamaa                          Furmaata

 R=200Ω                                                                 V =?                   V= IR=220V

                                                                                                            Dubbisni Aametirii I = 1.1A   

Gaaffii shaakalaa

  1. Baatirii autoomoobilii 12V ta’e ittisa hammai isaa hin beekamne waliin wal qabsiifamee jiru tokko kaarentii 2.5mA yoo agarsiise, hamma ittisa kanaa barbaadi.
  2. Kaarentii hammamtu baatirii 12V qabu ittisa 15Ω waliin wal qabsiifame maddisiisuu danda’aa?
  3. Ammeetiriin ittisa hammi isaa hin beekamne waliin daandii sirriin hidhamee jira. Vooltimeetiriin immoo fiixeewwan ittisa kana lamaan irratti hedhamee jira. Yoommuu kana ammeetiriin kun 1.2A yoo dubbisu, vooltimeetiriin immoo 18V dubbisa. Hammi ittisa hin beekamne kanaa hammam ta’a?    
  4. Daandii elektirikii keessatti ammeetiriin yeroo kamiyyuu daandii sirriin yommuu hidhamu,vooltimeetiriin immoo daandii paralaaliin hidhama. Kun maalii akka ta’e ibsa gahaa kennuun ibsi.                                                
    2.5. Qabattoota hittisa hittisoowwanii daangessan

Gaaffii: Hammi hittisa wanta tokkoo maal fa’aa irratti akka hundaa’u jettee yaadda?

 Sababoonni hittisa dabarsoo tokko daangessan akka armaan gadiitti ibsamu.

  1. Dheerina (l): Dheerinni dabarsoon tokko yemmuu dabalaa adeemu walitti bu’insi elektiroonota walabaa fi atoomota gidduutti uumamuu dabalaa waan adeemuuf hittisni dabarsoo dheerina guddaa yoo ta’u hittisni dabarsoo gabaabaa immoo xiqqaa dha. Kanaafuu, hittisoo fi dheerinni dabarsoo hariiroo sirrii waliin qabu.
  • Bal’ina (A): shuboo bal’ina guddaa qabu jechuun furdaa jechuu dha. Furdinni shiboo yemmuu dabalu hittisni isaa xiqqaachaa adeema. Kanaafuu, hittisni dabarsoon tokkoo bal’ina isaa wajjin hariiroo fuggisoo waliin qaba.
  •  Uumama  maateeriyaala dabarsichaa: Dabarsoowwan maateeriyaala adda addaan tolfaman hittisa adda addaa qabu. Kanaafuu, hittisni dabarsoowwanii wanta irraa tolfaman irratti hundaa’a.

Dhaabbataan kkunis hittisummaa hittisoo jedhama. R=ρ

  • Teempireechara: Hittisni dabarsoo tokkoo teempireechara isaa irratti hundaa’a. Teempireechariin dabarsoo elektirikii yoo dabale hittisni dabarsichaas ni dabala. Hariiroon hittisaa fi teempireecharaa kun hima armaan gadiin ibsama.

                  R = R0 [1+α (T-T0)]  ; α – koofisheentii teempireechara hittisaa

                                                              R- hamma hittisa dabarsoo teempireecharri isaa T ta’ee

                                                             R0-hamman hittisa jalqaba dabarsoo teempireecharri isaa T0  dha

Fakkeenyota

  1. Hittisni dabarsoo Meetii dheerina 5cm fi bal’ina qaxxaamuraa 5cm2 qabuu meeqa ta’a?

  Kennama                       Barbaadamaa                      Furmaata

      L=5cm = 0.05m                               R = ?                 R= ρ

      A = 5cm2 = 0.0005m2                                                         = 1.69×10-8Ωm )

                                                                                                                R = 1.69

Gaaffilee Shaakalaa

  1. Shiboon kooppeerii 0.6m dheeratu diyaameetirii 0.1cm qabuuf ittisni shiboo kanaa meeqa ta’aa? (ρcu = 1.7×10-8 Ωm)
  2. Shiboowwan kooppeerii lama dheerina wal-qixa qabu, garuu diyaameetiriin isa tokkoo dachaa sadii diyaameetirii isa lammaffaati. Reeshoon ittisaa shiboo furdaa fi shiboo qal’aa shallagi.
  3. Shiboon 12m dheeratu ittisni isaa 1.5Ω dha. Shiboon gosa tokkoof dheerinni isaa 16m dheeratuuf ittisni isaa meeqa ta’a?
  4. Shiboon kooppeerii raadiyeesiin isaa 0.2mm fi dheerinni isaa 5m ta’e ittisummaa kooppeerii 1.7×10-8Ω.m qabuuf, ittisni shiboo kanaa hammami ta’a?
  5. Ittisini shiboo 50m dheeratuu 0.83Ω ‘n diyaameetiriin isaa 1.5mm dha. Ittisummaan shiboo kanaa hammami ta’a?  shiboo kun maali irraa akka tolfama ibsi.
  6. Shiboon kooppeerii raadiyeesii 0.25mm qabu, ittisa isaa 0.2Ω dha. Dheerinni shiboo kanaa shallagi. (ρcu = 1.7×10-8Ω.m fayyadami)

2.6. Qindoomina Hittisoowwanii

Qindoominni hittisoo guddina tekinooloojiitiif meeshaalee elektirooniksii kanneen akka Kompiiteraa, Raadiyoo, TV, kaalkuleetera, k.k.f. keessatti bakka ol’aanaa qaba. Innis karaa lamaan qindaa’a:

  1. Qindoomina daandii sirrii hittisoowwanii
  2. Qindoomina daandii  waltarree hittisoowwanii

2.6.1. Qindoomina hittisoowwan daandii sirrii

Hittisoowwan lamaa fi lamaa ol ta’an dame malee wal duraa duubaan yoo wal qabasiifaman qindoomina daandii sirrii jedhama. Fakkenya  hittissoo lamaa yoo fudhanne akka fakkii 2.4 irratti agarsifamee dha.

Fakkii 2.4. Hittisoo daandii sirrii qindaa’e

Qindoomina daandii sirrii  keessatti kaarentiin  wal-qixa dha. I=I1 = I2

Ida’amni voolteejii qixa tokkoon tokkoon hittisoowwanii irratti cophuu voolteejii dimshaashaa wajjin wal-qixa dha.        

Veq = V1+V2

Veq = IReq=IR1+IR2

IReq=I(R1+R2)

Req=R1+R2

Hittisoo heddu kan qabnu yoo ta’e,

Req=R1+R2+…+Rn

Hittisni dimshaashaa ida’ama qixa tokkoon tokkoon hittisoowwanii ta’a.

Fakkeenya

  1. Hittisoowwan lama 3Ω fi 6Ω baatirii 12V wajjin daandii sirriin walqabsiifamaniif, hittisaa fi kaarentii dimshaashaa daandii elektiriikii kanaa shallagi.

           Kennama                       Barbaadamaa                                    Furmaata

             R1 = 3Ω                          Req =?      I=?                                   Req = R1+R2 =9Ω       

             R2 = 6Ω                                                                                                  I=V/Req            

             V=12V                                                                                          =1.333A

 2.6.2. Qindoomina hittisoo daandii waltarree

 Hittisoowwan lamaa fi lamaa ol ta’an daandii waltarreen yoo wal qabasiifaman qindoomina daandii waltarree jedhama. Fakkeenya hittisoo lamaa yoo ilaalle fakkii armaan gadii ta’a.

Fakkii 2.5 Hittisoo daandii waltarreen qindaa’e.

Voltaajiin qixa tokkoon tokkoon hittisoowwanbalbiiwwanitti cophuu voolteejii dimshaashaa madda irraa argamee wajjin wal-qixa.

Veq = V1 = V2

Kaarentiin dimshaashaa ida’ama kaarentii ittisoowwan keessa yaa’uu ti.

I=I1+I2

I= Veq/Req = V1/R1+V2/R2

Veq/Req = Veq (1/R1+1/R2)

Þ    1/Req     =   1/R1+1/R2

Hittisoo hedduu kan fudhannu yoo ta’e,

Þ    1/Req     =   1/R1+1/R2+…+ 1/Rn

Kanaafuu, hittisni dimshaashaa hittisa tokkoon tokkoon hittisa walquunnaman irra xiqqata.

       Fakkeenya

  1. Hittisoowwan lama 3Ω fi 6Ω baatirii 12V wajjin daandii waltarreen walqabsiifamaniif, hittisaa fi kaarentii dimshaashaa daandii elektiriikii kanaa shallagi.

     Kennama                              Barbaadamaa                                    Furmaata

     R1 = 3Ω                                           Req =?      I=?                           Req = = 2Ω

    R2 = 6Ω                                                                                                I=  =12A

     V= 12V                                                                                             

  • Hittisoon afur akka Fakkii armaan gadii irratti walqabsiifamee kennameera
    • Hittisa dimshaashaa tuqaa a fi b gidduu
    • Hittisa dimshaashaa tuqaa b fi c gidduu
    • Hittisa dimshaashaa tuqaa a fi c gidduu
    • Voolteejiin tuqaa a fi c gidduu yoo 42V ta’e, kaarentii dimshaashaa, shallagi.                      

Furmaata:

  1. Hittisoowwan tuqaa a fi b gidduu daandii sirriitiin walqabsiifaman. Kanaafuu,

                        Rab=8Ω+4Ω=12Ω.

  • Hittisoowwan tuqaa b fi c gidduu daandii waltarreen waan walqabsiifaman. kanaafuu,

Rbc= 2Ω.

  • Hittisoowwan tuqaa a fi c gidduu akka fakkii 8.6b irratti argamu dha. Kanaafuu, daandii sirrii fayyadamnee shallagna.

Rac=Rab+Rbc=12Ω+2Ω=14Ω.

  • Fakki c irraa akka ilaallutti Seera Ohm gargaaramnee

I = Vac/Rac=3A.

Dabalataan ammoo Fakkii 8.6b irraatti akka mul’atu Iab=Ibc=I=3A ti.

Voolteejiin garuu, Vab=Rab I=12Ω.3A=36V

            Vbc= RbcI=2Ω.3A= 6V waan ta’uuf

Vac= Vab+ Vbc =42V ti.

2.7. Anniisaa fi Aangoo Elektirikii

Gaaffii Bu’uuraa

Leenjifamtoota! Garaagarummaan dalagaa chaarjii bantiiwwan baatirii gidduu deemsisuu fi annisaan elektirikii maali?

Dalagaan elektirikii (W): dalaagaa chaarjii elektiriikii (Q) daandii elektirikii keessa fiixee a irraa gara b tti akka yaa’u taasisu dha. Kanas fakkii armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.

            Fakkii 2.6:  Daandii elektirikii hittisa qulqulluu

W=Vab

Q = It 

W = Vab It    

Kunis, anniisaa elektirikii waliin wal qixa.

 Aangoon elektirikii (P) reetii darbina anniisaa elektirikii ti.

P =   = Vab I                      

P = I2R  yookiin  P = 

  • Yuunitii waaltawaan aangoo elektirikii Waattii (W) dha.
  • 1W = 1J/s

Fakkeenya

  1. Baalbiin tokko anniisaa 150J yeroo 25s keessatti yoo fayyadame,
  2. Dalagaa elektirikii
  3. Aangoo elektirikii, balbii kanaa shallagi.

Kennama                                Barbaadamaa                     Furmaata

E = 150J, t = 25s                        a) W = ?                              a) E =W=150J

                    b) P =?                                  b) P =W/t = 6W.

  • Balbii elektirikii tokko irraa 220V, 60W jedhee yoo barraa’e,
  • Kaarentii yommuu madda 220V,n wal qabsiifamuun uumamu
  • Hittisoo balbichaa , shallagi

Kennama                                Barbaadamaa                     Furmaata

P = 60W, V = 220V                        a) I = ?                              a) I =  = 0.2727A

                                b) R =?                               b) R =  =806.667Ω.

Gaaffilee Shaakalaa

  1. kanneen armaan gadii keessaa qandoomina ittisoowwaanii daandii sirrii keessatti wal-qixa ta’a.

A. Voolteejii              B. Kaarentii              C. Anniisaa          D. Aangoo

  • Qindoomina ittisoowwan daandii paralaalii keessatti isa kamtu wal-qixa ta’aa?

        A. Voolteejii          B. Kaarentii             C. Ittisoo               D. Aangoo

  • Ittisoowwan sadii 5Ω, 2Ω, fi 1Ω fi caalmaa kuufamaa 48V waliin daandii sirriin wal qabsiifamanii jiru. Ittisoowwan sadan keessaa kamtu aangoo elektirikii guddaa barbaadaa?  Maaliif akka ta’e ibsa gahaa kenni
  • Fakkii armaan gadii irraa kaarentii fi voolteejii ittisa 10Ω keessa jiru shallagi.

                                                                      R1= 10Ω                             R3= 5Ω

R2= 2Ω

                                                                         V= 10V

  • Ittisoowwan sadii 1Ω, 2Ω fi 4Ω daandii paralaaliin qindoomanii caalmaa kuufamaa 6V waliin wal qabsiifamanii jiraniif,
  • Ittisa dimshaashaa shallagi.
  • Voolteejii tokko tkkoon ittisoo irratti cophu shallagi.
  • Kaarentii tokko tokkoon ittisoo keessa yaa’u shallagi.
  • Aangoo ittisa 4Ω keessa jiru barbaadi.
  • Ittisoowwan  lama 9Ω fi 18Ω baatirii 24V wajjiin waltarreen walqabsiifamaniiru.
  • Ittisa dimshaashaa fi
  • Kaarentii dimshaashaa daandii elektirikii kanaa shallagi
  • Balbii elektirikii tokko irratti akka mallattootti 240V,80W itti barreeffeera
  • Hiikaan barreeffamoota kanaa maali?
  • Balbichi madda 240V yommuu walqabsiifamu kaarentii uumamu hammami?
  • Ittisa filaameentii balbichaa hammami dha?
  • Ittisoowwan tokko tokkoon isaanii 20Ω ta’an baatirii 100V wajjiin daandii sirriin walqabsiifamaniiru.
  • Ittisa dimshaashaa isaanii hammami?
  • Kaarentii daandicha keessa yaa’u hammami?
  • Caalmaa kuufamaa qixa tokko tokkoon ittisoowwaniitti cophu shallagi.

2.8. Yaad-rimeewwan Maagineetiizimii

Leenjifamtootaa!

  • Maagineetiin maali?
  • Amaloonni maagineetii maal fa’a?
  • Amaloota beekamoo sararaawwan humna maagineetii ibsi.

Waggoota baay’ee dura gosti dhagaa tokko waantota sibilawaa ta’an tokko tokko ofitti akka harkisu beekame. Dhagaan kun yommuu cabu citaan isaa inni tokko isa biroo ofitti harkisa ykn ni dhiiba. Kana malees, dhagaan kun yommuu fannifamu fiixeen isaa tokko yeroo hundaa gara kaabaa kan agarsiisu ykn naanna’u yommuu ta’u fiixeen biro immoo gara kibbaa agarsiisa. namootni galaana irra dooniin adeeman beekuuf dhagaa kanaan fayyadamu ture sababa kanaaf dhagaa Masaakistuu jedhamuun beekama. Dhagaan akkanaa kun yeroo duraaf kan argame biyya turkii naannoo Maagneezhiyaa jedhamutti kanuma irraa kan ka’e maqaan sibiila waantoota Ayiranii fi makaa Ayiranii ta’an ofitti harkisu kun magneetii jedhamee moggaafame.

Akkaataa uumama isaatiin maagneetiin bakka lamatti qoodama. Isaaniis maagneetii gonnonnee (kan amala maagineetummaa isaa yeroo dheeraaf qabatee turu) fi maagneetii sinsinnee (kan amala maagineetummaa isaa yeroo gabaabaaf qabatee turu ) jedhamu.

Bantoowwan maagineetii

Maagineetiin kamiyyuu bantoowwan adda hin baane lama qaba. Isaanis bantoo kaabaa (N) fi kibbaa(S) jedhamu.                                                                                                                        

Fakkii 2.7: Bantoo maagineetii irratti sararoonni dirree maagineetii ni rukkatu

Bantoon maagineetii wal fakkaatu wal dhiiba (kaabaa fi kaaba, kibbaa fi kibba); kan wal hin fakkaanne wal harkisa (Kaabaa fi Kibba).

Fakkii 2.8: Humna bantoowwan maagineetii gidduu jiru

2.9. Dirree maagineetii

Naannoo humni maagineetii tokkoo qaqqabuun humna harkisuu yookiin dhiibuu dalageessuu dha. Dirreen maagineetii sararawwan yaadaa sararawwan humna maagineetii jedhamanii beekamaniin agarsiifama. Kanaafuu, sararaawwan humna maagineetii sararaawwan yaadaa kallattii dirree maagineetii haala itti fufiinsa qabuun agarsiisanii dha.

 Amaloota Sararaawwan Humna Maagineetii:

  • Maagineetiin alatti bantoo kaabaa irraa ka’uun karaa martoo ta’een gara bantoo kibbaatti adeemuu.
  •  Maagineeti keessatti bantoo kibbaa iraa gara bantoo kaabaatti adeemu.
  • Wal hin qaxxaamuran.
  • Bakka bantoowwaniitti walitti rukkatu. Kunis, walitti dhiheenyi sararaawwan dirree maagineetii cimina humna maagineetii qabu agarsiisa (fakkii 2.9 ilaali).

Fakkii 2.9:  Sarara dirree maagineetii naannoo ulee maagineetii.

2.10. Cimina Dirree Maagineetii fi Filaaksii Maagineetii

          Ciminni dirree maagineetii (B):

  • Baay’ina lakkoofsa sarara dirree maagineetiitiin ibsama.
  • Baay’ina lakkoofsa sarara dirree maagineetii bantiiwwan maagineetii seenan yookiin keessaa bahan ta’a.
  • Kal- qabee dha.
  • Yuunitii waaltawaan cimina dirree maagineetii sfaruu tasilaa (T) jedhama.

            Filaaksii Maagineetii ( ):

  • Baay’ina lakkoofsa sarara dirree maagineetii bal’insa (A) ta’e tokko keessa kofa sirriin qaxxaamuruun darbuun ibsama

Fakkii 2.10:  Filaaksii maagineetii

m = B A cos

 kofa dirree maagineettii fi ijaajjoo fuula bal’insaa gidduu dha.

  • Yoo kofti 900 ta’e,  filaaksiin maagineeti zeeroo ta’a.
  • Yoo kofti ijaajjoo fuula bal’insaa fi dirree maagineetiijidduu jiru 00 ta’e,

   (gatii ol’aanaa ) ta’a.

  • Yuunitii waaltawaan filaaksii maagineetii weeber (Wb) jedhama.
  • 1Wb= 1 T m2

Shaakala: Fakkiilee armaan gadii irratti hundaa’uun yoo bal’inni pileetii 200cm2 fi ciminni dirree maagineettii 2T ta’e, hamma filaaksii maagineettii uumamuu shallagi.

.11. Elektiroomaagineetiizimii

Walitti dhufeenyi elektirisiitii fi maagineetiizimii gidduu jiru Elektiroomaagineetiizimii jedhama.

2.11.1. Dirree maagineetawaa naannoo dabarsoo qajeelaa kaarentii Baatuu

Shiboo dabarsoo qajeelaan dheerina l qabuu kaarenntii I, dirreee maaginetii B naannoo isaatti uuma.Hammi humna maaginetii naannoo shuboo kanaatti uumamuu akka armaan gadiitti ibsama.

                                       Fm = BLI

Kaarentiin elektirikii dabarsoo dheeraa keessa yaa’u naannawaa dabarsichaatti dirra sirrii ta’e irratti sararaawwan maagineetii geengawoo uuma (Fakkii 8.10a ilaali)

Kallattiin sararaawwan dirree maagineetawaa kallattii kaarentii irratti kan hundaa’u dha.

  • Kallatti sararaawwan dirree maagineetawaa naannawaa dabarsoo kaarentii of keessatti qabuun uumaman haala salphaa ta’een seera harka mirgaatti  fayyadamna.
  • Akka seera harka mirgaatti, qubni abbuudduun kallattii kaarentii elektirikii shuboo keessaa agarsiisu ta’ee, qubaawwan afran kallattii sararaawwan dirree maagineetii agarsiisa.

   B

Fakkii 2.11: Seera harka mirgaa

  • Ciminni dirree maagineetii naannawaa shuboo kaarentii of keessaa qabuu hamma kaarentii fi dheerina shuboo irratti hundaa’a. Kana jechuun

B       fi    B

B=
                   dhaabbataa eeyyamamaa parmiyaabiliitii gatiin isaa 4π 10-7T.m

                               a-fageenya shuboo irraa ti

Shaakala:

  1. Fakkii armaan gadii irratti kallattii humnaa/ dabarsoon karantii baatu kun karamitti akka jallatu agarsiisi.
  • Dabarsoon karantii  baatu tokko dheerinni isaa  dha. Dabarsoon kun cimina dirree maagineettii  qabu fi dheerina shibootiin waltarree ta’e keessa yoo kaahame hammi humna maagineettii irratti dalaggaa’u shallagi
  • Ulee koopparii irraa tolfame tokko dheerinni isaa 1m fi hangi isaa 50gm ta’e qaba. Uleen kun dirree maagineettii ciminni isaa 0.1T ta’e keessa kaahamuun lafarraa ol-ka’iinsa murtaa’e irratti bololi’uuf yoo xiqqaate hammi karantii keessa darbuu qabu shallagi.
  • Shuboon 3m dheeratu karantii 5A baatee dirree maagineettii dhaabbataa 0.4T keessa kaahame. Hamma huna maagineettii irratti dalaggaa’u, yoo kofti karantii fi dirree maagineettii gidduu jiru, (a) 60o , (b)90o        fi (c)120o ta’e shallagi.

2.11.2. Humna maagineetii chaarjii dirree maagineetii dhaabbataa keessa   socho’aa jiru irraa

Mee shuboo dheerina L fi bal’insa A qabuu  fi kaarentii elektirikii I qabaatee dirree maagineetii wal- fakkaataa B waliin kofa  uumu haa fudhannu.

Kaarentii jechuun sochii yeroo murtaa’eef gurmuun chaarjotaa shuboo babarsoo keessa taasisanii dha. Chaarjonni kun ariitii diriiftiin deemu. Chaarjii tokko humna maagineetii;

Fakkii 2.12: Sochii chaarjii dirree maaginetii dhaabbataa keessaa

Fm = q v Bsin

Yoo  v B  ta’an,

Fm= qvB

2.11.3. Humna maagineetii shuboo dabarsoowwan kaarentii elektirikii wal tarree gidduu

Gaaffii: Leenjifamtootaa!

  1.  Barannoo keessan walitti fiduun humni maagineeti Fm = LIB ta’uu agarsiisaa.
  2. Humni maagineetii dabarsoowwan paralaalii gidduutti wal-dhiiba moo wal harkisa?
  3. Moggaa shuboowwan lamaanii irratti hoo?

Mee shuboo qajeeloo lama kaarentiiwwan I1 fi I2 kallattii tokkorra baatan haa ilaallu.

Fakkii 2.13: Humna maagineetii shuboo waltarree kaarentii kallattii tokko baatan gidduu jiru

Dirreen maagineetii (B) shuboo 1ffaa n fageenya a irratti uumamu;

B1 =  

Humni magineetii shuboo 2ffaa:

F =LI2B1 ta’a.

Kanaafuu, humna maagineetii hiruu dheerinaa

F/L =

  • Kallattiin kaarentii dabarsoowwan paaralalii lama gidduu tokkorra yoo ta’e, humni shuboowwan gidduu jiru humna wal harkisuu ti.
  • Kallattiin kaarentii dabarsoowwan paaralalii lama gidduu faallaa walii yoo ta’e, humni maagineetii dabarsoowwan gidduu wal dhiibuu ta’a.

Fakkeenya

  1. Shuboowwan dhedheeroo paralalii lama 8cm gargar fagaatanii jiran keessa kaarentii 8A fi 6A tu kallattii tokkoon keessa yaa’a.
  2. Dheerinni shuboowwanii 50cm yoo ta’e , humna maagineetii isaan wal irratti dalageessan
  3. Walakkeessa fageenya gidduu shuboowwan 1m dheerataniitti humna maagineetii isaan walirratti dalageessan, shallagi.

Kennama                                 Barbaadamaa                                              Furmaata

      a = 8cm = 0.8m,             a) Fm =? L=0.5m                  a) Fm=  L                  

       I1 = 8A, I2 =6A            b) Fm =? L=1m, a = 0.4m       =  = 6×10-6 N.

 Tm/A                                                 b) Fm=  L 

                                                                                              =  = 2.4×10-5 N

Shaakala:

  1. Fakkiilee armaan gadii irratti chaarjiin yoo dirree ishee fuuldura jiru kana keessa seenti ta’e kallattii adeemsa isheen dirree magineettii keessatti taasistu agarsiisi.
  • Chaarjiin  taate ariitii tiin dirree maagineettii ciminni isaa  keessa Seente. Hamma fi kallattii humnaa maagineettii irratti dalaggaa’uu shallagi. 
  • Shuboowwan qajeeloo waltarree ta’an lama 0.5cm gargar fagaatanii kaahaman. Karantiin isaan keessa darbu 2A fi 5A dha.
  • Kallattiin karanii isaanii yoo tokko ta’e,
  • Reeshoo humna dheerinnaa shallagi.
  • Kallattii humna isaan walirratti dalaggeessanii fakkiin agarsiisi.
  • Kallattiin karantii isaanii yoo gargar ta’e,kanneen armaan gadii shallagi.
  • yoo dheerinni isaanii 2m ta’e, hamma humna walirratti dalaggeessanii shallagi.
  • Kallattii humna isaan walirratti dalaggeessanii fakkiin agarsiisi.

Qabxiilee ijoo boqonnicahaa

  • Kaarentii elektirikii yaa’insa chaarjii dabarsoo tokko keessa yeroo yuunitii tokkottitaasifamuu dha.
  • Kaarentiin elektiroonii yaa’insa elektiroonotaa bantoo negaatiivii irraa gara bantoo poozativiitti taasifamuu dha.
  • Kaarentiin koonveenshinii kaarentii kallattii kaarentii elektirooniif faallaa ta’een yaa’uu dha.
  • Voolteejiin safara dandeettii dalagaa dalaguu dha.
  • Seerri ohm hariiroo kaarentii fi voolteejii giddu jiru irratti xiyyeeffata.
  •  Aangoon elektirikii (P) reetii darbina anniisaa elektirikii ti.
  • Yuunitii waaltawaan aangoo elektirikii Waattii (W) jedhama.
  • Filaaksii Maagineetii ( ) baay’ina lakkoofsa sarara dirree maagineetii bal’insa (A) ta’e tokko keessa kofa sirriin qaxxaamuruun darbuun ibsama.                                               
  • Kallatti sararaawwan dirree maagineetawaa naannawaa dabarsoo kaarentii of keessatti qabuun uumaman seera harka mirgaatti fayyadamna.
  • Fayyadama seera harka mirgaatti qubaawwan afran kallattii sararaawwan dirree maagineetii akkasumas qubni abbuudduun kallattii kaarentii elektirikii shuboo keessaa agarsiisu.
  • Hammi yookiin ciminni dirree maagineetii naannawaa shuboo kaarentii of keessaa qabuu hamma kaarentii fi dheerina shuboo irratti hundaa’a.
  • Kallattiin kaarentii dabarsoowwan paaralalii lama gidduu tokkorra yoo ta’e, humni shuboowwan gidduu jiru humna wal harkisuu ti.
  • Kallattiin kaarentii dabarsoowwan paaralalii lama gidduu faallaa walii yoo ta’e, humni maagineetii dabarsoowwan gidduu wal dhiibuu ta’a

Gaaffilee

  1. Hittisoowwan lama daandii sirriin yemmuu walqabatani kaarentiin, hittisoon dimshaashaa fi voolteejiin maal ta’a?
  2. Balbii elektirikii tokko irratti akka mallattootti 220V, 40W tu itti barreeffama. Hiikkaan barreeffamoota kanaa maali?
  3. Seera ohm giraafiin mul’si.
  4. Sababoota hittisa hittisoowwanii daangessan ibsi.
  5. Hittisoowwan sadii 2Ω, 3Ω fi 4Ω walitti qabsiifamanii hittisa dimshaashaa 9Ohm kennan. Hittisoowwan kun daandii akkamiitiin walitti hidhaman?
  6. Hittisoowwan walqixaa sadii daandii sirriin walitti hidhamanii 90Ωkennani. Daandii waltarreen yoo hidhaman hittisni dimshaashaa meeqa?
  7. Amaloota sarara dirree maagineetii tarreessi.
  8. Akkaataa gargaarama seera harka mirgaa ibsi.
  9. Garaagarummaan dirree maagineetii fi filaaksii maagineetii gidduu jiru maali?

Piroobileemota

  1. Daandii elektiriikii Fakkii 2.14 kennameef
  2. Hittisa dimshaashaa                    
  3. Kaarentii dimshaashaa
  4. Voolteejii hittis 2  irratti cophu
  5. Kaarentii tokkoon tokkoon hittisaa keessa yaa’u
  6. Aangoo dimshaashaa, shallagi.
  7. Fakkii 2.15 irraa gatii safartuuwwanii shallagi. Gatiin R1 = 20𝞨 fi R2 = 40 𝞨dha.
  8. Shuboon dheerina 20cm kofa 600 cimina dirree maagineetii 15T qabu keessaa yoo kaa’a’e , humni maagineetii shuboo kaarentii 10A baatuu meeqa?

       Fakii 2.14                                                               Fakkii 2:15                                                                                                         

Boqonnaa 3

3. Dambalii fi Optiksii

Seensa

Boqonnaa kana keessatti waa’ee dambalii makaanikaalaa- dambalii tamsa’ina isaatiif yaa’a maatarii barbaadu, amaloota dambalii, akaakuuwwan dambalii, dambalii sagalee fi optiksii barattu.

Dhuma boqonnaa kanaatti barattoonni:

  • Haala uumamuufi tamsa’ina dambalii ni addeessu
  • Balaqqeessa’uu sirnaawaa fi mit-sirnaawaa ifaa adda ni baafatu
  • Amaloota dambalii ifaa ni hubatu
  • Balaqqeessa’uu dambalii sagalee ni ibsu

3.1. Tamsa’ina Dambalii

Gaaffiii:  Dambalii, sochii dambaliifi kallattii tamsa’ina dambalii jechuun maal jechuu akka ta’e gareen irratti mariyadhaa.  

 

Waanti tokko bakka tasgabbii (equilibrium) isaa irraa si’a hunkuramu ni hoollata. Hoollannaan kun immoo bakka tokko irraa bakka biraatti ni tamsa’a (yaa’a). Yaa’insi hoollannaa kanaa dambalii jedhama. Kaanaafuu, dambaliin sababa hoollannaa waantotaatiin uumama. Dambalii foyaa irraa, dambalii bishaanii, dambalii ceedhaa akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama.

      a. Dambalii foyaa irraa                     b. Dambalii bishaan irraa                              c. Dambalii cedheedha irraa

Fakkii 3.1. Dambaliia adda addaa

Dambaliin hundi bakka tokko irraa bakka biraatti si’a tamsa’an anniisaa baatanii deemu.  Fakkeenaaf, tamsa’inni dambalii ifaa balbii irraa gara ija keenyaatti anniisa ifaa dabarsu. Akkasumas dambaliin sagalee madda sagalee irraa gara gurra keenyaatti anniisa sagalee dabarsu. Dambaliin anniisaa baatee  haa deemu iyyuu malee maaterii bakka tokko irraa bakka biraatti baatee hin deemu. Dambaliin si’a maaterii keessa socho’u maaterichi dambalii wajjin hin socho’u.  Akka fakkeenyaatti, si’a dambaliin bishaanii socho’u bishaanichi dambalii wajjin kan hin sochoone ta’uu nu hubachiisa.

Gabaabumatti sochii dambalii jechuun daddarbinsa anniisni sochii maaterii malee bakkaa bakkatti godhu jechuu yommuu ta’u kallattii tamsa’ina dambalii jechuun immoo dambalii socho’aa jiru waliin kallatti annisni itti yaa’u (darbu) jechuudha.

Fakkii 3.2. Kallattii sochii dambalii

Humni hin madaalamiin tokko suudoo ta’e irratti dalagaa’uun suudoon kun bakka ishee jijjiirrachuun yeroo murtaa’e keessatti fageenya murtaa’e deemuun annisaa kan baattu sochii suudoo jedhama.

Dambalii addee

Shaakala: Addee dambalii jechuun maal jechuudha?  

 

Dambaliin addee sochii dambalii tokkoo bifa ji’omeetikaawaan ibsuuf kan gargaaru dha. Kunis, sarara, diriiraa, geengewaa ykn isfeerikaalii yaadaa ta’ee suudoowwan yaa’a maatarii sochiin isaanii feezii tokko irra jiraniin kan ibsamu dha. Xiyyi dambalii immoo sarara yaadaa kan tuqaa kam irrattiyyuu addee dambaliittti kofa sirrii (900) uumudha. Addeen dambalii addee dambalii diriiraa fi addee dambalii isfeerikaalii jedhamun bakka lamatti qoodama. Fakkeenyaaf ifni aduu fageenya irraa waan dhufuuf addee dambalii diriira uuma. Addee dambalii diriiraan kan uumamu yoo maddi dambalichaa fagoo irra jira ta’edha. Yoo maddi dambalii dhiyoo ta’e immoo addee dambalii isfeerikaalii ta’etu  uumama. Fakkeenyaaf yoo cirracha ykn dhagaa xiqqoo fuunee bishaan boollaa keessatti darbanne, addee dambalii isfeerikaaliitu uumama.

Fakkii 3.3. Dambaliin addee sarara geengawaa ykn diriiraa ykn isfeerikaalii ta’e dha. (a) Dambalii addee geengawaa (b) Dambalii addee diriiraa (c) Dambalii addee isfeerikaali.

Gocha garee:

  • Osoo riippil taankiin jiraatee akkaataa addeen dambalii diriiraafi isfeerikaaliin itti uumamuu danda’u barsiisaa keessan waliin irratti mar’adhaa.

3.2.  Akaakuuwwan dambalii

Gaaffii: Gosoonni dambalii gurguddoon maal fa’i?  

Akkaataa uumamaa fi tamsa’ina isaanii irratti hundaa’uun damabaliiwwan bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis: Dambalii makaanikaalaa fi dambalii elektiroomaagineetikii dha. Garaagarummaa fi walfakkeenya dambaliiwwan kanneenii akka armaan gadiitti ibsamaniiru.

Dambalii mekaanikaalaa

  • Sababa hoollannaa waantotaan uumama (uumamuuf hoollannaa paartikiloota qaama fiizikaalaa barbaada).
  • Bakka tokkoo bakka biraatti tamsa’uuf dirqama yaa’a (medium) barbaada.
  • Vaakiyuumii keessa tamsa’uu hin danda’u.

Fkn: dambalii bishaanii, dambalii sagalee, dambalii foyaa irraa fi kkf.

Dambalii elektiroomaaginetikii

  • Si’a chaarjonni elektirikii dirree elektirikiifi dirree maagineetii keessa guulan uumama.
  • Yaa’a keessas ta’ee vaakiyuumii keessa tamsa’uu danda’a.
  • Dambalii elektiroomaagnetikii keessatti  dirreen elektirikiifi dirreen maagnetii kofa sirrii uumu.

Fkn: Dambalii raadiyoo, dambalii TV, infiraa reedii, ifa, altiraavaayoletii fi kkf

Akkasumas, kallattii hoollannaa suudoo maateriifi tamsa’ina dambalii  irratti hundaa’uudhaan dambaliin bakka lamatti qoodama. Isaanis dambalii loongiitiyudinaaliifi dambalii tiraanisversaaliiti.

Dambalii tiraanisversaalii kan jennu si’a kallattiin hoollannaa suudoo fi kallattiin sochii dambalii waliif kofa sirrii ta’an kan uumamudha. Suudoon dambalii waliin hin socho’u; garuu gara olii fi gara gadiitti sadhaata ikulibiramii waliiniitiin hollata. Dambaliin tiraansiversaalii kirastii fi tiraafiin ibsama Fkn: Dambalii foyaa irraa fi dambalii elektiroomaagineetikii hunda.

Fakkii 3.4. Dambalii tiraanisversaalii

  • Kirastii: Qabxii iddoo ikulibiramii irraa qaxxaamura guddaa gara oliitti suudoowwan yaa’a maatarii irra gahuu danda’ani dha.
  • Tiraafii: Qabxii iddoo ikulibiramii irraa qaxxaamura guddaa gara gadiitti suudoowwan gahuu danda’ani dha.

Dambalii loongiitiyudinaalii keessatti immoo kallattiin hoollannaa suudoofi kallattiin sochii dambalii wal tarree (parallel) dha. Fkn: Dambalii sagalee fi dambalii cedhedaa irraa. Dambaliin loongitiyudinaalii naannoo kottoonfataa fi naannoo diriirfataa qabaachuu isaan ibsama.

Dambalii loongitiyudinaalii hubachuuf cedhedhaa maramaa minjaala irra jiru tokko fudhachuun gama tokkoon hunkuruun ilaaluun ni danda’ama. Si’a kana kallattiin hollannaa suudoofi sochiin dambalii waltarree ta’a.

Fakkii 3.5. Dambalii loongitiyudinaalii

Gaaffii

  1. Dambaliin bishaanii gosa dambalii akkamiitti ramadama?
  2. Dambaliin bishaanii amala dambalii tiraansiversaalii fi loongitiyudinaalii ni qabaa?

 3.3. Jechoota (termoota) sochii dambalii ibsan

Sochii dambalii tokko ibsuuf hiikoo termoota armaan gadii beekuun barbaachisaa dha.

Fakkii 3.6. Sochii dambalii

  • Ampiliitiyudii (A): Qaxxamura ol’aanaa bakka tasgabbii (equilibrium) irraa jiru dha.

Yuunitiin isaa meetira (m) dha.

  • Dheerina dambalii ( ): Fageenya kirestii ykn tiraafii walitti aanan lamaan gidduu jirudha (Dambalii tiraansversaaliitiif). Dambalii loongitudinaalii keessaatti immoo dheerinni damballii fageenya kottonfannaa ykn diriirfamaa walitti aanan giduu jirudha.
  • Peereedii (T): Yeroo dambaliin marsaa tokko xumuruuf itti fudhatudha.  Yuunitiin waaltawaa isaa sekondii (s) dha.

Fakkeenya

  1. Dambaliin tokko 10sec keessatti marsaa shan yoo gaggeesse, peereediin meeqa ta’a?

Furmaata:

  • Firikuweensii (f): Firikuweensiin dambalii baay’ina marsaa sekoondii tokko keessatti raawwatamedha. Yuunitiin isaa hertz (Hz) dha.

Gocha garee: Hariiroo firikuweensiifi peereedii gidduu jiru argadhu.

Fakkeenya

  1. Dambaliin firikuweensiin isaa 400Hz ta’e peereediin isaa hammam ta’a?

Furmaata:  

  • Saffisa dambalii (v): Saffisni dambalii reeshiyoo dheerina dambaliifi peereediiti.               

Herregaan,  

Hima dambalii

Fakkeenya

  1. Dambaliin dheerina dambalii 2cm fi firikuweensii 200Hz qabu saffisni isaa hammam ta’a?

Furmaata: v = 2×10-2mx200sec-1 = 4m/sec

Shaakala

  1.  Gabatee armaan gadii keessaa bakka hir’ate guuti.
Saffisa dambalii (m/sec)Firikuweensii(Hz)Dheerina dambalii (m)Peereedii (sec)
 6003 
400 2.5 
1600  0.04
  • Saffisi dambalii elektiroomaagineetikii qilleensa keessaa 300,000km/s yoo kenname, dheerina dambalii raadiyoo kan firikuweensii 1200Hz irratti tamsaasuu shallagi.
  • Firikuweensii dambalii sagalee qilleensa keessattii kan dheerina dambalii 0.40m qabuu yommuu saffisi sagalee qilleensa keessaa 340m/s ta’ee shallagi.

Gaaffii 8-9 jiru giraafii armaan gadii irratti hundaa’un deebsii. graafichiis  maayikroofonii wanta hollatuu irraa kan ummame dha. Innis fankshinii voltejii maayikroofonii  gara yeroo t agarsiisaa.

  • Firiikuwensiin wanta hollatu kanaa tilmamaan meeqa?
  • 0.0039sec   B. 0.02sec    C. 2.55sec    D. 50Hz    E. 256Hz
  • Giraaficha irraa saffisa shallaguuf wanti dirqamaan barbaachisuu maali?
  • Dheerinna ujummoo  B. dheerinna dambalii       C. firiikuwensii    D. sagalee  E. Rukkuttaa

Gaaffii 8-9 danaa armaan gadii irratti hundaa’un deebisii. Danaan dambalii tiraanisvarsaalii gara mirgaa yeroo murtaa’aa kesstti  socho’u agarsiisa.pereediin dambalii kanaa 0.2sec yoota’e

  • Ampiliituudiin dambali kanaa meeqa?
  • 4cm        B. 5cm       C. 8cm       D. 10cm      E. 16cm
  • Saffisni dambalichaa meeqa?
  • 4cm/s        B. 25cm/s        C. 50cm/s            D. 100cm/s      E. 200cm/s

3.4. Amaloota Dambalii

Shaakala: Dambaliin amaloota maal fa’i qaba? Maalummaa amaloota kanneeeniis tokko tokkoon himi.  

 

Dambaliin hundi amalootaa waliinii qabu. Isaanis balaqqeessa’uu, dabee darbuu, bittinna’uufi waldhahinsa.

  • Balaqqeessa’uu dambaalii

Balaqqeessa’uun dambalii kan uumamu dambaliin gara yaa’a maatarii keessa demaa turetti kallattii jijjiiratee yommuu deebi’uu dha.

  • Dabee darbuu dambalii

Dambaliin yaa’a maatarii daangaa yaa’a maatarii lamaa irra yommuu gahutti, yaala isa lammaffaa irra yommuu gahu kallattii sochii isaa ni jijjiirrata. Jijjiiramni kallattii sochii dambalii kanaa dabee darbuu dambalii jedhama.

Fakkii 3.7 : Dabee darbuu dambalii

  • Bittinnaa’uu dambalii

Dambaliin tokko uraa ykn qaawwa ta’e keessa darbuun ykn waanta danqaa ta’e tokko irra darbuun kallattii yommuu jijjiiratu bittinnaa’uu dambalii jedhama. Yoo bal’inni qaawwaan dambaliin keessa darbu dheerina dambalii wajjin walqixa ta’e , taatee bittinnaa’uu ol’aanaa ta’etu uumama. Qaawwaa bal’aafi dhiphaa yoo fudhanne, bittinnaa’uun dambalii qaawwa dhiphaa keessatti caalaatti mul’ata.

a. Bittinnaa’uu qaawwa bal’aa keessa                b. Bittinnaa’uu qaawwa dhiphaa keessa             

Fakkii 3.8: Qaawwa adda addaa keessa bittinnaa’uu dambalii

  • Wal dhahinsa dambalii

Dambaliiwwan lamaa fi isaa ol ta’an yaa’a maatarii tokko keessa yeroo walfakkaataa keessatti tuqaa tokko irra al tokkotti yoo darban wal dhahinsi dambalii ni uumama. Wal dha’insi dambalii lamatu jiru. Isaanis: Wal dhahinsa wal ijaaraa fi wal dhahinsa wal diigaa ti. Fakkii 3.9 armaan gadii ilaali.

Fakkii 3.9: Wal dhahinsa dambalii

  1. Wal dha’insa wal ijaaraa

Dambaliiwwan lamaa fi lamaa ol kan feezii walfakkaataa qaban  yaa’a tokko keessa socho’u yoo ta’e, dambaliiwwan kun wal dhahu. Wal dhahinsi dambalii akkanaa wal dha’insa wal ijaaraa jedhama, fakkii 3.10(a) ilaali.. Wal dhahinsa dambalii kana keessatti amplitiyudiin dambalii walii galaa tokko tokkoo amplitiyudii dambaliiwwanii walitti ida’amanii oli.

Fakkii 3.10: Wal dha’insa dambalii  (a) Wal dhahinsa dambalii wal ijaaraa ti.  Amplitiyudiin isaanii amplitiyudii tokko tokkoo dambaliiwwan ida’amanii ni caala. (b) Wal dhahinsa dambalii wal diigaa ti. Dambaliiwwan lamaan amplitiyudii wal qixaa fi garuu feezii alaa waan ta’aniif, amplitiyudiin walii gala dambaliiwwan lamaanii zeeroo dha.

  • Wal dhahinsa wal diigaa

Dambaliiwwan lama fi isaa ol kan feezii garaa garaa qaban yaa’a tokko keessa socho’u yoo ta’e, dambaliiwwan kun wal dhahuu danda’u. Wal dha’insi dambaliiwwan kanneenii wal dhahinsa wal diigaa jedhama. Wal dhahinsa kana keessatti, amplitiyuudiin dambaliiwwanii garaa gara yoo ta’e, amplitiyudiin dambalii walii galaa tokko tokkoo ampliitiyudii dambaliiwwan walitti ida’amanii gadi. Amplitiyudiin dambaliiwwan lamaanii wal qixa yoo ta’e garuu amplitiyudiin dambaliin walii gala zeeroo ta’a fakkii 3.10 (b) armaan olii wal dha’insa wal diigaa agarsiisa.

3.5. Dambalii sagalee

Gaaffii:  Sagaleen maali? Sagaleen attamitti uumamamaa? Sagaleen maal fa’aa keessa yaa’a?  

 

Sagleen sababa hoollannaa waantotaan kan uumamu ta’ee gosa dambalii loongitiyudinaaliiti.  Gurri namaa sagalee Firikuweensii gidduu 20Hz  hamma 20,000HZ mireeffachuu ni danda’a. Sagalee gidduu firikuweensii kaanaa sagale  dhageettii jedhama. Sagaleen firikuweensii daangaa firkuweensii dhageettii gadii qabu dambaliin infiraasoonikii yoo jedhamu, sagaleen firikuweensii daangaa  firkuweensii dhageettii oli qabu ammo dambaliin altrasoonikii jedhama.

Daddarbina dambalii sagalee

Gaaffii:

  1. Saffisa sagaleen jajjaboo, dhangala’oo fi gaasii keessa yaa’u guddaa gara xiqqaatti sadarkeessi barreessi.sababa isaa waliin.
  2. Bilbilli tokko gaanii keessi isaa vaakiyuumii ta’e keessaa rukkutama yoo ta’e sagalee bilbila kanaa dhaga’uu dandeessaa? Maaliif?

Dambaliin sagalee dambalii makaanikaalaa ta’ee daddarbuuf yaa’a maatarii barbaada. Tamsa’ina isaatiif rukinni moleekiyuulota walitti aananii jiranii murteessaa dha. Yaa’i rukina moleekiyuulota guddaa qabu kan yaa’a rukina moleekiyuulotaa gad anaa qabuu caalaa dambalii sagalee dabarsa. Rukinni moleekiyuulotaa jajjaboo kan dhangala’oo oli. Dhangala’oon ammo gaasii oli. Kanaafuu, daddarbina dambalii sagaleetiif, dhangala’oo fi gaasii caalaa jajjaboon filatamaa dha. Dhangala’oon garuu gaasii caalaa saffisaan sagalee of keessa dabarsuu danda’a. Haa ta’u malee, dambaliin sagalee iddoo duwwaa ykn vaakiyuumii keessa hin deemu.

Saffisa sagalee

Dambaliin sagalee yaa’a adda addaa keessatti saffisa adda addaa qaba. Kana jechuun saffisi dambalii sagalee amala yaa’a maatarii keessa tamsa’u irratti ni hundaa’a jechuu dha. Saffisi sagalee tempireechera naannoo irrattis ni hundaa’a. Sagalee qilleensa keessa deemuuf, hariiroon saffisa sagalee fi tempireechera qilleensaa naannoo gidduu jiru hima armaan gadiin ibsama.

VT: saffisa sagalee tempireechera kenname irratti, V0=331m/s saffisa sagalee qilleensa keessaa 0oC irratti fi T tempireechera qilleensaa digirii selishiyeesiin (oC) kenname. Fakkeenyaaf, 20oC irratti saffisi sagalee 343m/s tti siqa.

Gabatee 3.1: Saffisa sagalee yaa’a garaa garaa keessa

Shaakala

  1. Qilleensa tempireecharri isaa 30oC ta’e keessa sagaleen fageenya 3.5km deemuuf yeroo hammamii itti fudhata?
  2. Perediin dambalii sagalee tokkoo 0.4sec yoo ta’e, qilleensa tempireecherri isaa 30oC ta’e irratti dheerina dambalii sagalee kanaa shallagi.
  3. Sagaleen siibila irraa gara qilleensaatti yammu tamsaa’u saffisni  fi
  4. Dheerinni dambalii ni dabalaa
  5. Dheerinni dambali ni hira’ataa
  6. Firiikuwensiin ni dabalaa
  7. Firiikuwensiin hin jijjiramu
  8. Firiikuwensiin ni xiiqqaataa

3.6. Balaqqeessa’uu sagalee

Kubbaan tokko yommuu dhaaba manaatti rukkutamu akkuma duubatti deebi’u, sagaleenis madda isaa irraa ka’ee dhaaba diriiraa fi jabaataa ta’etti yommuu bu’u ni balaqqeessa’a. Balaqqeessa’uun sagalee kun owwaattuu (‘gowaa’) jedhama.

Owwaattuu fi hojii irra oolmaa isaa

Gaaffii

  • Wantoota armaan gadii keessaa kamtu sagalee of irraa balaqqeessisa? Kamtu ammo ofitti xuuxa? Dhagaa, pilaastikii, muka fi konkiriitii.

Sagaleen wantoota jaboo kan akka muka guddaa, tulluu, gamoo fi kkf ta’antti bu’uun yommuu deebi’u, wantoota lallaafoo ta’an kan akka uffata fi gommaatti yommuu bu’u garuu hin balaqqeessa’an. Wantoonni akkasii sagalee ofitti xuuxu. Sababii kanaaf, owwaattuu sagalee manneen siniimaa fi awooditiriyamii keessaatti uumamuu male hambisuuf keessa manichaa wantoota lallaafoo ta’aniin haguugamu.

Sagaleen madda irraa ka’ee qaama balaqqeessisaa gahee hamma deebi’ee gara maddaa gahuutti yeroon itti fudhate yeroo owwaattu t fi fageenya sagaleen kun deeme ammo 2S (fageenya dimshashaa) yoo ta’e, saffisi sagalee tempireechera qilleensa naannichaa keessaattii hima armaan gadiin kennama.

Faayidaa owwaattuu sagalee

  1. Saffisa sagalee qilleensa keessaa shallaguuf

Fageenya madda sagalee fi qaama balaqqeessisaa gidduu jiruu fi yeroo balaqqeessisaa safaruun, saffisi sagalee qilleensa keessaa tempirechara qilleensa sana keessattii shallaguun ni danda’ama.

  1. Gad fageenya galaanaa argachuuf

Gad fageenyi galaanaa ykn garbaa meeshaa sonar jedhamu gargaaramuun safarama.  Soonaariin gara bishaanii jalaatti dambalii sagalee gadhiisa. Dambaliin kunis hamma dhuma galaanaatti deema. Dambaliin kun dhuma galaanaa yommuu gahutti balaqqeessa’uun gara dooniitti deebi’a. Yeroo sagaleen deebi’uuf itti fudhate ni safarama. Saffisa sagalee bishaan galaanaa keessaa V fayyadamuun gad fageenya (h) galaanaa ykn garbaa hima armaan gadii gargaaramuun argama.

Fakkeenya

  1. Meeshaan gad fageenya galaanaa safaruuf gargaaru tokko siginaalii sagalee firikuweensiin isaa 3,000Hz ta’uu fi galaana keessatti dheerina dambalii 0.5m qabu gara galaanaatti gadhiise. Dambaliin kun jala galaanaa gahee deebi’ee meeshichaan safaramuuf, 2sec itti yoo fudhate, gad fageenya galaanichaa barbaadi.

Kennama                                      Barbaadama                                       Furmaata

f=3,000Hz                                     h(gad-fageenya)=?                             h=  

=0.5m                                                                                         Garuu, f

t=2sec                                                                                                              V=(0.5m)(3,000Hz)

                                                                                                                         V=1500m/s

   Kana irraa, 

                                                                                                             = 1500m

3.7. Uumamaa fi tamsa’ina ifaa

Gaaffii

  1. Ifti maali?
  2. Amaloota ifaa kan dambalii ta’u agarsiisu maal fa’i?
  3. Amaloota ifaa kan suudoo ta’u agarsiisu mee himi?.

Optiksiin damee Fiiziksii ta’ee waa’ee fakkaattii fi fakkaattiin akkamiin akka uumamu kan ibsu dha. Fakkaattiin kan uumamu ifti yoo jiraate qofa dha. Kunis, balaqqeessa’uu fi dabee darbuu ifaatiini. Ifti  akka walii galaatti dambalii elektiroomaaginetikii ti. Vaakiyuumii keessa saffisa dhaabbataa  C=300,000km/s tiin tamsa’a. Ifni amala dambalii waan qabuuf  amala balaqqeessa’uu, dabee darbuu , wal dhahuu fi bittinaa’uu qaba. Haa ta’u malee, ifni amala suudoon agarsiisu muraasa ni qaba. Fakkeenyaaf, ifni wayita qaama sibiilaa tokko tokko rukutu elektiroononni sibiilicha irraa qaanqa’uu danda’u. Kun amala suudoo ifaa kan ibsu dha.

3.7.1. Balaqqeessa’uu ifaa

Akka moodelii xiyyi ifaa jedhutti, ifti yaa’a maatarii rukina optikaalaa dhaabbataa qabu keessa daandii sirriin tamsa’a. Ifti dirra yaa’a maatarii tokko irraa yommuu buufatu kallattii isaa jijjiirachuun gara duubaatti yaa’a maatarii duraan keessa tamsa’aa turetti deebi’uu danda’a. Amalli ifaa kun balaqqeessa’uu ifaa jedhama.

Haala uumama qaama dirra balaqqeessisaa irratti hundaa’uun, balaqqeessa’uun ifaa bakka lamatti qoodama. Isaanis: Balaqqeessa’a sirnaawaa fi balaqqeessa’a mit sirnaawaa jedhamu.

Dambaliin qaamolee mucucaataa (smooth) ykn quqquuqaa (rough) irraa balaqqeessa’uu danda’a.  Dambaliin qaamolee mucucaataa kan akka daawwitii irraa balaqqeessa’u balaqqeessa’uu sirnaawaa (specular reflection) jedhama. Kana keessatti xiyyoonni balaqqee wal tarree (parallel) ta’u.  Dambaliin qaama quqquuqaa irraa balaqqeessa’u immoo balaqqeesssa’uu mit-sirnaawaa(diffuse reflection) jedhama.  Balaqqeessa’uu mit-sirnaawaa kana keessatti xiyyonni balaqqee waltarree osoo hin taane kallattii adda addaan balaqqeessa’u. 

          a. Balaqqeessa’uu sirnaawaa                                                     b. Balaqqeessa’uu mit-sirnaawaa

Fakkii 3.11.  Balaqqeessa’uu dambalii

Seera balaqqeessa’uu ifaa

  • Hariiroo kofa battallee, kofa balaqqeessa’aa giddu jiru kan ibsu dha.
  • Xiyyi battallee, xiyyi balaqqeessa’aa fi ijaajjoon dirra tokko irratti argamu.
  • Kofti battallee fi kofti balaqqeessa’uu wal qixa. Fakii 9.19 ilaali.

: Kofa battallee (Kofa xiyya battallee fi ijaajjoo gidduu jiru dha)

: Kofa balaqqeessa’aa (Kofa ijaajjoo fi xiyya balaqqeessa’aa gidduu jiru dha)

Fakkii 3.12: Seera balaqqeessa’uu ifa, kofti battallee fi kofti balaqqeessa’aa wal qixa

Fakkeenya

  1. Xiyyi battallee tokko daawwitii diriiraa mucucaataa ta’e irra sadhaataa ijaajjoon 300 uumuun irraa buufate. Kofa xiyya battallee fi xiyya balaqqeessa’aa gidduu jiru argadhu.

Kennama                                      Barbaadama                          

=300                                                         Kofa xiyya battallee fi xiyya balaqqeessa’aa gidduu jiru=?

Furmaata

Fakkii 9.19  irraa kofti xiyya battallee fi xiyya balaqqeessa’aa giduu, . Garuu, seera balaqqeessa’uu ifaa irraa  waan ta’eef.

Shaakala

  1. Daawwitiiwwan lama D1 fi D2 kofa sirrii walii uumuun qindeeffamaniiru. Xiyyi ifaa akka fakii armaan gadiitti mul’atutti daawwitii D1 irra buufateera yoo ta’e,
    1. Ifti daawwitii D2 irra yommuu buufatu, kofa battallee barbaadi.
    1. Kofa balaqqeessa’aa daawwitii lamaanii barbaadi.

Fakkaattii daawwitiin uumamu

Gaaffii

  1. Daawwitiin maali? Daawwitii diriiraa hoo maali?
  2. Daawwitiin diriiraa fakkaattii akkamii uuma? Ibsi
  3. Fakkaattiin daawwitii akkamiin uumama?

Daawwitiin dirra mucucaataa duubni isaa siliiveriin kan dibame ta’ee ifa kan balaqqeesisu dha.  Daawwitiin gosa lamatu jiru. Isaanis: Daawwitii diriiraa fi daawwitii gomboobaa ti. Daawwitiiwwan kanneen sababa balaqqeessa’uu ifaan fakkaattii uumu.

Fakkaattii daawwitii diriiroon uumamu

Waanti daawwitii diriiraa fuul dura dhaabbatee jiru tokko fakkaattiin isaa duuba ykn keessa daawwitichaatti kan uumame fakkaata. Kun ammo kan ta’uu danda’e, daawwitiin xiyya ifaa waantoo irraa gara ija keenyaatti balaqqeessisu xiyyi ifaa duuba daawwitiitii kan ka’e waan fakkaatuuf. Fakkaattii uumame kana argachuuf xiyyoota balaqqeessa’an qabxii daawwiticha itti tuqan irraa sarara yaadaa duuba daawwitichaatti diddiriirsuun ta’a. Fakkii 9.20 armaan gadii ilaali.

Fakk 3.13: Fakkaattii daawwitii diriiraan uumamu

Yeroo kana fakkaattiin duuba daawwitiitti kan uumame fakkaata. Fakkaattiin akkasii fakkaattii yaadoo jedhama. Fakkaattii yaadoo iskiriinii irratti agarsiisuun hin danda’amu.

  • Fageenya wantoo (So): Fageenya wantoon daawwitii irraa fagaatee jiru.
  • Fageenya fakkaattii (Si): Fageenya fakkaattiin daawwitii irraa duuba isaa jira fakkaatee mul’atu.

Amaloota fakkaattii daawwitii diriiroon uumaman:

  • Yaadoo (“Virtual”)
  • Fageenyi wanto fi fageenyi fakkaattii wal qixa (So=Si)
  • Hojjaan fakkaattii fi waantoo wal qixa (ho=hi)
  • Dalga (Bitaa-mirga fuggifamaa)  (“Right-left revesal”)
  • Ol-qajeelaa (“Up-right”)

Daawwitii diriiraa lamaanis fakkaattiin uumamuu ni danda’a. Daawwitiiwwan diriiroo lama kofa murtaa’e  isaan gidduu uumuun wal qabsiisuun waantoo tokko gidduu isaanii yoo keenye, fakkaattii waantoo tokkoo ol ta’e argachuun ni danda’ama. Dawwitiiwwan diriiroo lama kofa  dhaan walitti galagalanii jiran gidduu wantoo yoo keenye, baay’inni fakkaattii uumamuu (N) hima armaan gadiitiin kennama.

                                                                                              N: Baay’ina fakkaattii uumamee

Fakeenya

  1. Sareen xiqqoon tokko daawwitii diriiraa tokko irraa 1.5 m  fagaattee teessee jirti.
    1. Fakkaattiin saree kanaa eessatti uumame?
    1. Sareen kun gara daawwitiitti saffisa 0.5 m/s tiin yoo deemte, fakkaattiin saree kanaa saffisa hammamiin gara daawwitiitti deema?

Kennama                                            Barbadama

So=1.5 m                                             a) Si=?

Vo=0.5m/s                                           b) Vi=?

Furmaata

  1. Daawwitii diriiroo keessatti fageenyi wantoo fi fageenyi fakkaattii wal qixa. Kanaafuu,  Si=1.5 m
  2. Saffisi wantoo gara daawwitiitti deemuu wal qixa saffisa fakkaattiin gara daawwitiitti siqaa deemu waliin wal qixa, sadhaata daawwitiin.

            Kanaafuu, sareen kun fakkaattiin isaa gara daawwitiitti 0.5m/s tiin deemti.

Shaakala

  1. Namni tokko fakkaattii isaa rifeensaa hamma qeensa miilaatti guutummaatti daawwitii keessatti of ilaaluu yoo barbaade, dheerinni daawwitii yoo xinnaate hammam ta’uu qaba?
  2. Namichi tokko daawwitii diriiraa irraa 2.0 m fagaatee dhaabbatee jira.
  3. Fageenyi namichaa fi fakkaattii isaa gidduu jiru hammami?
  4. Fakkaattiin kun amala akkamii qaba?
  5. a) Mana rifeensaa seentee daawwitiiwwan diriiroo waltarree fi faallaa ta’an lama gidduu yoo dhaabbatte, fakkaattii kee meeqa kan ta’u argita? b) Daawwitii gara kaabaatti argamu irraa 3.0 m fagaattee yoo dhaabbatte, daawwitii isa gara kibbaa jiru irraa ammo 5.0 m fagaattee yoo dhaabbatte, fageenyi fakkaattii fakkaattiiwwan duraa lamaanii kana daawwitii lachuu barbaadi.

Dawwitii gomboobaa

Daaawwitiin gomboobaan gosa lamatu jiru. Isaanis: daawwitii golbaa fi gophaa dha.

Termoota dawwitii golbaa (Dawwitii sassaabduu) fi daawwitii gophaa (Daawwitii bittinneessituu) keessatti beekamuu qaban:

  • Guttiyyee (Vertex): Tuqaa walakkaa  dirra daawwitii gomboobaa irraa
  • Siiqqee haadhoo (Pirincipal axis): Sarara yaadaa qabxiiwwan handhuura golbinaa, qabxii fuulleffannaa, fi handhuura optikaalaa keessa darbu dha.
  • Qabxii fuulleffannaa (Focal point): Xiyyoonni ifaa siiqqee haadhootiif waltarree ta’an erga daawwitii irraa balaqqeessa’anii booda qabxii isaan keessa darbanidha.
  • Handhuura gomboobinaa (Center of curveture): Handhuura daawwitii gomboobaa ti
  • Raadiyeesii gomboobinaa (Radius of curveture): Fageenya guttiyyee fi handhuura gomboobinaa gidduu jiru dha. Raadiyeesiin gomboobinaa dacha dheerina fuulleffanaa ti.
  • Dheerina fuulleffannaa (Focal length ): Fageenya handhuura optikaalaatii hanga qabxii fuulleffannaatti jiru dha.

Fakkaattii wantoo daawitii golbaa fi gophaan uumamu agarsiisuuf xiyyooti ifaa bu’uuraa: Fakii armaan gadii ilaali.

  • Xiyyi battallee siiqqee haadhootiif wal tarree ta’e erga daawwitii irra qubate qabxii fuulleffannaa keessa darbuun balaqqeessa’a. Fakkii 3.14a
  • Xiyyi ifaa qabxii fuulleffannaa keessa darbe daawwitii irra erga bu’ee booda siiqqee haadhootiif wal tarree ta’uun balaqqeessa’a. Fakkii 3.14 b
  • Xiyyi ifaa guttiyyee daawwitii  irra qubate seera balaqqeessa’uu ifaa eeguun balaqqeessa’a. Fakkii 3.14 c
  • Xiyyi ifaa handhuura gomboobinaa keessa dhufe daawwitiin erga balaqqeessa’ee booda daandii irra dhufe irra deebi’a.

Fakkii 3.14: Xiyyoota ifaa bu’uuraa bakka fakkaattiin itti uumamu agarsiisan

Walumaa galatti, xiyyoota sadan armaan oliitti kennaman gargaaramuuun salphaatti bakka fakkaattiin daawwitiiwwaniin uumamu agarsiisuun ni danda’ama.

Fakkaattii daawwitii golbaan uumamu

  • Fakkaattiin daawwitii golbaan uumamu bakka teessuma wantoo irratti hundaa’uun amala adda addaa qaba.

Fakkeenyaaf, yeroo wantoon duuba handhuura gomboobinaa C irra kaa’ame,  fakkaattiin daawwitii golbaan uumamu akka armaan gadiitti taa’ee jira.

Amalli fakkaattii kanaa dhugoo, gombifamaa, xiqqaa fi C fi F gidduutti kan uumamedha.

Piroojektii:

Teessuma wantoo jijjiiruudhaan xiyya bu’uuraa sadan gargaaramuun fakkaattii daawwitii golbaan uumamu agarsiisuun amala isaanii barreessi.

Fakkaattii daawwitii gophaan uumamu

  • Fakkaattiin daawwitii gophaan uumamu teessuma wantoo irratti hin hundaa’u.
  • Amalli fakkaattii daawwitii kanaa: Yaadoo, ol qajeelaa, xiqqaa fi duuba daawwitiitti uumama.

Hima daawwitii

  • Hariiroo dheerina fuulleffannaa, fageenya wantoo fi fageenya fakkaattii gidduu jiru kan ibsu dha.

Guddistuu (‘magnification’)

Reeshiyoo dheerina fakkaattii fi dheerina wantoo ti.

Mallattoo waliigaltee daawwitiiwwanii

Gabateen armaan gadii malattoo walii galtee daawwitiiwwanii gabaabaatti kan ibsu dha.

FageenyawwanDaawwitii golbaaDawwitii gophaa
Dheerina fuulleffannaa (f)PoozatiivaNegaativa
Raadiyeesii gomboobinaa (R)PoozatiivaNegaatiiva  
Fageenya fakkaattii (Si)Duuba daawwitii kanaatti yoo uumame poozatiiva, fuuldura daawwitiitti yoo uumame ammo negaatiivaDuuba leensii kanaatti yoo uumame poozatiiva, fuuldura dawwitiitti yoo uumame ammo negaatiiva
Hojjaa wantoo (ho)Yeroo hundaa poozatiivaYeroo hundaa poozatiiva
Hojjaa fakkaattii (hi)Fakkaattiin gombifamaa yoo ta’e negaatiiva, ol-qajeelaa yoo ta’e ammo poozatiivaFakkaattiin gombifamaa yoo ta’e negaatiiva, ol-qajeelaa yoo ta’e ammo poozatiiva

Fakkeenya

  1. Fageenyi fuulleffannaa daawwitii golbaa tokko 20cm. Wantoon tokko daawwitii kana fuuldura 10cm irra yoo kaa’ame, fageenya fakkaattii shallagi.

Deebii

  Si= -10cm

Gaaffii:  Negatiiviin kun maal akka agarsiisu irratti mariyadhaa

Shaakala: Wantoon 5.0 cm dheeratu tokko dawwitii gophaa fuuldura dhaabbatee jira. Fakkaattiin uumame tokko-sanaffaa wantoo yoo ta’e, dheerina fuulleffannaa dawwitii  kanaa shallagi.

3.7.2. Dabee darbuu ifaa

Yaalii

Bishaan birciqqootti naqame keessa qubeessaa kee si’a seensiftu maaliif waan cabe sitti fakkaata?Irratti mar’adhaa.

Fakkii 3.15.  Qubeessaa bishaan keessa kaa’ame

Ifni daangaa yaa’a maatarii lama irra yommuu qubatu gartokkeen isaa ni balaqqeessa’a gartokkeen ammo gara yaa’a maatarii 2ffaatti ce’a. Ifti yaa’a maatarii tokko irraa gara yaa’a maatarii 2ffaatti yeroo ce’u karaa isaa duraa irraa ni daba, fakkii 3.16 ilaali. Kunis kan ta’u saffisni ifaa yaa’a maatarii adda addaa keessatti garaa gara waan ta’eef. Amala ifni yaa’a maatarii tokko irraa gara yaa’a maatarii birootti yommuu ce’u kallattii isaa jijjiiruun darbu dabee darbuu ifaa jedhama.

Fakk 3.16: Xiyya battallee (A), xiyya balaqqeessa’aa, xiyya dabee darbuu (B) akkasuma kofa battallee ( ), kofa dabee darbaa ( ),  fi kofa balaqqeessa’aa ( )

Seera dabee darbuu ifaa

  • Xiyyi battallee, xiyyi dabee darbuu fi ijaajjoon dirra tokko irratti argamu
  • Reehiyoon saayinii kofa battallee fi saayiniin kofa dabee darbu dhaabbataa dha.

Agarsiistuu dabinsaa (“Index of refraction”)

  • Yaa’i maatarii dabarsoo ifaa ta’e tokko ifa saffisa hammamiin akka of keessa dabarsu kan safaru dha.
  • Safartoo rukina optikaalaa yaa’a maatarii tokkoo ti.
  • Reeshiyoo saffisa ifaa vaakiyumii keessaa fi yaa’a maatarii keessaa ti.

C: saffisa ifaa vaakiyumii keessaa, V: saffisa ifaa yaa’a maatarii keessaa

Rukina optikaalaa

Yabbina ykn haphina yaa’a maatarii optikaala tokkoo kan ibsu dha. Rukinni optikaalaa kunis agarsiistuu dabinsaan ibsama. Yaa’i maatarii agarsiistuu dabinsaa guddaa qabu, rukina optikaalaa guddaa fi saffisa ifaa gad-aanaa qaba.

Saffisaa ifaa yaa’a maatarii keessaa

  • Saffisi ifaa vaakiyumii keessaatti C=300,000km/s ta’a.
  • Yaa’a maatarii biro kanneen akka bishaanii, fuullee, fi kkf keessatti saffisi ifaa kan vaakiyumii keessatti qabuu gadi.
  • Saffisi ifaa waanta rukina optikaalaa n qabu keessattii hima armaan gadiin kennama.

                  C: saffisa ifaa vaakiyumii keessaa, n: agarsiistuu dabinsaa

  • Ifni yaa’a tokko irraa gara yaa’a birootti yommuu ce’u firkuweensiin isaa hin jijjiiramu. Dheerinni dambalii fi saffisi dambalii garuu ni jijjiirama.
  • Dheerinni dambalii vaakiyumii keessaa  , kan yaa’a maatarii ta’e keessaa ammo  yoo ta’e, hariiroon isaanii haala armaan gadiin kennama.

Seera Isneel (Snell’s law)

  • Hariiroo kofa battallee ( ), kofa dabee darbaa ( )  fi saffisa ifaa ( ) yaa’a maatarii  lama  
          keessaa ibsa.
  • Ifni yaa’a maatarii rukina optikaalaa n1 irraa gara maatarii rukina optikaalaa n2 qabuutti
        ce’e yoo ta’e, seera dabee darbuu gargaaramuun hima armaan gadii barreessuu ni danda’ama

Garuu,
,                  waan ta’eef seerri Isneel akka hima armaan gadiitti barreessuun ni danda’ama

Xiyyi ifaa yaa’a rukina optikaalaa xiqqaa qabu irraa isa guddaa qabutti yeroo seenu, xiyyi dabee darbuu gara ijaajjootti daba( Fakkii 3.17a). Yeroo yaa’a rukina optikaalaa guddaa qabu irraa isa xiqqaa qabutti kan seenu yoo ta’e immoo ijaajjoo irraa daba(Fakkii 3.17b).

    a. Xiyyi dabee darbuu gara ijaajjootti si’a dabu             b. Xiyyi dabee darbuu ijaajjoo irraa si’a dabu

Fakk 3.17.  Dabee darbuu dambalii yaa’a rukina ooptikaalaa adda addaa keessatti

Fakkeenya

  1. Ifi tokko dhangala’aa ta’e keessaatti saffisi isaa 2.4×108m/s dha. Agarsiistuu dabee darbuu dhangala’aa kanaa barbaadi.

Kennama                                Barbaadama                           Furmaata

V=2.4×108m/s                          n=?                                        

C=3×108m/s                                                                             n=1.25

Shaakala

  1. Ifti leeserii keessaa dheerina dambaliii 63.8nm qabu tokko qilleensa irraa gara bishaaniitti deeme. Saffisaa fi dheerina dambalii ifa kanaa bishaan keessatti qabaatu shallagi.
  2. Ifti qilleensa keessaan gara fuulleetti kofa battallee 370n darbe. Agarsiistuun dabee darbuu fuullee 1.33 yoo ta’e,
  3. Xiyyi dabee darbaa ijaajjootti jedham ijaajjoo irraa achi jedhee dabee darba?
  4. Kofti dabee darbaa hammami?
  5. Ifti qilleensa keessa deemu tokko kofa battallee 450 n fuullee irra buufate. Agarsiistuun dabee darbuu fuullee 1.5 yoo ta’e
  6. Kofa dabee darbuu fuullee barbaadi.
  7. Xiyyi fuullee keessaa darbee fi xiyyi battallee wal tarree ta’uu mirkaneessi.
  8. Yabbinni fuullee 2cm yoo ta’e, fageenya sarara yaadaa xiyya battallee fi xiyya fuullee keessaan dabee darbee ba’e gidduu jiru shallagi.
  9. Dawwitiiwwan lama gidduu isaniitti kofa 1200 uumaniiru (Fakii armaan gadii irraa). Xiyyi ifaa irra kofa battallee 650 daawwiitti M1 irra buufate. Erga xiyyi ifaa daawwitiiwwan lamaaniin balaqqeessa’ee booda, kofa xiyyi ifaa ijaajjoo daawwitii M2 waliin uumu shallagi.

Balaqqeessa’uu guutummaa keessaa

  • Ifti yaa’a rukina optikaala guddaa qabu irraa gara yaa’a rukina optikaala xiqqaa qabuutti darbu taatee mul’atudha. Kofa murtaa’aa ta’e tokko irratti kofti dabee darbu 90o yeroo ta’u, xiyyi dabee darbu  daangaa yaa’a maatarii lamaan irra deema. Kofti battallee yeroo kanaa kofa daangessaa   jedhamee waamama. Yommuu kofti battallee kofa daangessaa ol ta’u, xiyyi dabee balaqqeessa’uu gara yaa’a duraatti deebi’a. Adeemsi kun balaqqeessa’uun guutummaa keessaa jedhama.

Fakkii 3.18:  Balaqqeessa’uu guutummaa keessa

  • Seera Isneel gargaaramuun, hima kofa daangessaa agarsiisu ni dandeenya.

Yoo  ta’e, =900 ta’a.

sin900=1 wan ta’eef,

 , n1> n2

Yaa’i inni lammaffaa qilleensa yoo ta’e, n2 , kofti daangessaa daangaa yaa’a maatarii n1 keessaa:

 , n: agarsiistuu dabee darbuu yaa’a lammaffaa

Fakkeenya

  1. Ifti tokko bishaan keessaan gara qilleensaatti yommuu deemu, kofti kiritikaalii meeqa ta’a? (n=1.33)

Furmaata

Shaakala

  1. Ifti cuqulisi monokiroomaatikii firikuweensii 6.5×1014 Hz qabu tokko fuullee citaa ta’e tokko seene. Fuullee kana keessa yeroo seenu, firikuweensii fi dheerina dambalii ifa kanaa barbaadi.
  2. Ifti maatarii A agarsiistuun dabinsaa 4/3 qabu irraa gara maatarii B agarsiistuu dabinsaa 5/7 ta’eetti darbe. Reeshiyoo dheerina dambalii ifaa maatarii B fi maatarii A keessatti qabaatuu shallagi.
  3. Ifti bishaan keessa fageenya 3m deemuuf, yeroo hammamii itti fudhata? (n(bishaanii)=1.33)
  4. Ifti tokko maatarii ta’e tokko keessa fageenya 0.960m deemuuf 4.00ns itti fudhate. Agarsiistuu darbinsaa maatarii kanaa barbaadi.
  5. Bilookiin maatarii hin beekamne tokko guutumaan guutuutti bishaan keessa seenee jira. Ifti bishaan keessaan bilookii kana irra kofa battallee 300 n seene. Kofti dabee darbuu ifaa bilookii kanaa 250 yoo ta’e, agarsiistuu dabinsaa bilookii kanaa barbaadi.
  6. Ali tokko ifti qilleensa keessaa fageenya 3.5km deeme. Yerooma kana ifchi dhangala’aa ta’e tokko keessa fageenya 2.5km yoo deeme, agarsiistuu dabee darbuu dhangala’oo kanaa shallagi.
  7. Ifi tokko qilleensa keessatti firikuweensii 5×1014 Hz qaba. Fuullee (n=1.5) qabu keessatti dheerinni dambalii ifa kanaa shallagi.

Leensii

Gaaffii

  1. Leensiin maali? Maali irraa tolfama?
  2. Leensii akaakuu meeqa beekta?
  3. Leensiin fakkaattii akkamiin uuma?
  4. Leensii maalfaa keessatti fayyadamuu dandeenya?

Leensiin sirna optikaalaa dirree lamaan ifa kan of keessa dabarsu irraa tolfamu dha. Leensii salphaan kan daawwitii gomboobaa lama fageenyi isaan gidduu jiru baay’ee xiqqaa ta’e dha. Leensiin boca isaanii irratti hundaa’uun hedduutu jiru. Isaan keessaa kutaa kana keessatti leensii gophaa (leensii sassaabduu) fi leensii golbaa (leensii bittinneessituu) qofa ilaalla.

  1. Leensii gophaa (Leensii sassaabduu): Convex lens

Termoota leensii gophaa (Leensii sassaabduu) keessatti beekamuu qaban:

  • Siiqqee haadhoo: Sarara yaadaa qabxiiwwan handhuura golbinaa, qabxii fuulleffannaa, fi handhuura optikaalaa keessa darbu dha.
  • Qabxii fuulleffannaa: Xiyyoonni ifaa siiqqee haadhootiif waltarree erga leensii keessa darbanii booda qabxii isaan keessa qaxxaamurani dha.
  • Handhuura gomboobinaa: Handhuura daawwitii gomboobaa leensiin irraa tolfame dha.
  • Raadiyeesii gomboobinaa: Fageenya handhuura optikaalaa fi handhuura gomboobinaa gidduu jiru dha. Raadiyeesiin gomboobinaa dacha dheerina fuulleffanaa ti.
  • Dheerina fuulleffannaa: Fageenya handhuura optikaalaatii hanga qabxii fuulleffannaatti jiru dha.

Fakkaattii wantoo leensii gophaan uumaman kaasuuf xiyyoota ifaa barbaachisoon: Fakkii 3.19-20

  • Xiyyi handhuura optikaalaa keessa bahu osoo hin dabiin keessa darba.
  • Xiyyi siiqqee haadhootiif wal tarree leensii irra qubate dabee darbee qabxii fuulleffannaa duuba leensii jiru keessa baha.
  • Xiyyi ifaa qabxii fuulleffannaa fuuldura leensii jiru keessa darbu xiyyi dabee darbu siiqqee haadhootiif waltarree ta’a.

Walumaa galatti, xiyyoota sadan armaan oliitti kennaman gargaaramuuun salphaatti bakka fakkaattiin leensii gophaatiin uumamu agarsiisuun ni danda’ama. Fakkii 3.20 ilaali.

Fakkii 3.19:  Xiyyoonni ifaa siiqqee haadhootiif wal tarree ta’an leensii keessa dabanii darbuun qabxii fuulleffannaa F irratti sassaabamu

Fakkii 3.20: Xiyyoonni ifaa sadan 1,2,3 ffaa mataa waantoo irraa sararaman bakka fakkaattiin wantoo leensii gophaan itti uumamu beekuuf gargaaru. Fakkaattiin wantoo duuba F kaa’amee  jiruu dhugoo gombifamaa ta’uu agarsiisa.

Piroojektii:

Teessuma wantoo jijjiiruudhaan xiyya bu’uuraa sadan gargaaramuun fakkaattii leensii gophaan uumamu agarsiisuun amala isaanii barreessi.

  • Leensii golbaa (Leensii bittenneessituu): Concave lens
  • Leensiin kun daawwitii golbaa lama kan duubni isaanii walitti galagalee fi ifa of keessa dabarsuu danda’u irraa kan tolfamedha.
  • Xiyyoonni siiqqee haadhootiif wal tarree ta’uun leensii irra buufatu waan bittinnaa’uuf leensii bittinneessituu jedhame.
  • Termoota leensii gophaaf itti fayyadamne leensii kanaafis haaluma wal fakkaatuun itti fayyadamuu dandeenya.
  • Xiyyoon sadii armaan gadii fakkaattii  kaasnuuf nu gargaarau, fakkii 9.28 ilaali.
  • Xiyyi siiqqee haadhootiif waltarree ta’auun leensii kana irra qubatan irraa bittinaa’uun dabanii darbu, garuu yaadaan qabxii fuulleffannaa F keessa darba. Fakii   ilaali
  • Xiyyi qabxii fuulleffannaa F keessa darbuun leensicha irra qubatu, siiqqee haadhiitiif wal tarree ta’uun dabee darba. Fakii  ilaali
  • Xiyyi handuura optikaalaa keessa darbu osoo hin dabiin darba. Fakkii 3.21 ilaali.

Fakkii 3.21: Xiyyoonni ifaa siiqqee haadhootiif wal tarree ta’an leensii irraa bittinaa’uun dabanii darbu

 Fakkaattii leensii golbaan uumamu

  • Fakkaattiin leensii kanaan uumamu fageenya waantoon leensii irraa qabu irratti hin hundaa’u.
  • Yeroo hundaa fakkaattiin leensii kanaan uumamu
  • Yaadoo, xiqqaa fuuldura leensiitti, gidduu leesichaa fi F gidduutti uumama.
  • Leensii kanaafis, hima leensii armaan gadiitti gargaaramuun amala fakkaattii uumamee ibsuun ni danda’ama.

Fakkii 3.22: Xiyyoonni sadii fakkaattii leensii golbaan uumamu agarsiisuuf mataa wantoo irraa sararamaniiru

Hima wal qixxaatoo leensii

Hima wal qixxaatoo leensii osoo hin ibsiin dura mallattoolee walii galtee fageenyawwanii murteessuun murteessaa dha.

Mallattoo waliigaltee leensiiwwanii

Gabateen armaan gadii malattoo walii galtee leensiiwwanii gabaabaatti kan ibsu dha.

FageenyawwanLeensii gophaaLeensii golbaa
Dheerina fuulleffannaa (f)PoozatiivaNegaativa
Raadiyeesii gomboobinaa (R)PoozatiivaNegaatiiva  
Fageenya fakkaattii (Si)Duuba leensii kanaatti yoo uumame poozatiiva, fuuldura leensiitti yoo uumame ammo negaatiivaDuuba leensii kanaatti yoo uumame poozatiiva, fuuldura leensiitti yoo uumame ammo negaatiiva
Hojjaa wantoo (ho)Yeroo hundaa poozatiivaYeroo hundaa poozatiiva
Hojjaa fakkaattii (hi)Fakkaattiin gombifamaa yoo ta’e negaatiiva, ol-qajeelaa yoo ta’e ammo poozatiivaFakkaattiin gombifamaa yoo ta’e negaatiiva, ol-qajeelaa yoo ta’e ammo poozatiiva

Hima wal qixxaatoo leensii

  • Hariiroo dheerina fuulleffannaa, fageenya wantoo fi fageenya fakkaattii gidduu jiru kan ibsu dha.

Guddistuu (‘magnification’)

Reeshiyoo dheerina fakkaattii fi dheerina wantoo ti.     

Fakkeenya

  1. Wantoon tokko leensii sassaabduu dheerinni fuulleffannaa 10.0 cm qabdu fuuldura 50.0 cm irraa fagaatee taa’a. Fageenya fakkaattii fi guddiftuu barbaadi.

Kennama                          Barbaadama                           Furmaata

                        f=+10cm                                 Si=?                                                        

                                    So=+50cm                              M=?                                     Si = 12.5 cm

Shaakala

  1. Leensiin gophaa dheerina fuulleffannaa 20.0 cm qabu tokko irraa wanton fageenya 30.0 cm irra kaa’ameera. Fageenya fakkaattii, guddistuu, fageenya fakkaattii fi wantoo gidduu jiru shallagi.
  2. Wantoon tokko iskiriinii irraa 40.0 cm fagaatee jiruuf,
  3.  Leensiin gophaa dheerina fuulleffannaa 10.0 cm qabdu wantoo fi iskiriin gidduu bakka kam yoo kaa’ame kan fakkaattiin sirrii iskiriinii irratti uumamuu danda’u?
  4. Guddistuu fakkaatii kanaa shallagi.
  5. Wantoon leensii golbaa irraa fageenya 30.0 cm irra  kaa’ame tokko fakkaattii isaa duuba leensiitti 15.0 cm irratti uumame. Dheerina fuulleffanaa leensii kanaa barbaadi.
  6. Leensiin sassaabduu dheerina fuulleffannaa 20.0 cm qabdu tokko iskiriinii leensii irraa 2.0 m fagaatu irratti fakkaattii uume. Fageenyi wantoo kanaa hammami?
  7. Wantoon 4.0 cm dheeratu tokko leensii gophaa kan dheerinni fuulleffannaa ishee 22.0 cm ta’e fuuldura kaa’amee jira. Fageenyi wantoo leensii irraa 15.0 cm yoo ta’e, fageenya fakkaattii fi guddiftuu barbaadi.

Qabxiilee ijoo boqonichaa

  • Dambaliin annisaa bakka tokko irraa gara bakka birootti sochii maatarii malee dabarsa.
  • Dambaliin tiraanisversaalii ykn loongitiyudinaalii ta’uu danda’a.
  • Dambaliin elektiroomaagineetikii tiraanisversaalii, dambaliin sagalee loongitiyudinaalii, dambaliin makaanikaanikaalaa ammo tiraanisversaalii ykn loongitiyudinaalii ta’uu danda’a.
  • Dambalii elektiroomaagineetikii kan ta’an kamiyyu vaakiyuumii keessaa saffisa ifaan deemu.
  • Dambaliin loongitiyudinaalii naannoo kottoonfannaa fi dirirfataa qaba.
  • Dambaliin balaqqeessa’uu, dabee darbuu, bittinnaa’uu fi wal dhahuu danda’a.
  • Himi dambalii: v= , v: saffisa dambalii,  : dheerina dambalii, f: firikuweensi
  • Rukinni optikaalaa n yaa’a maatarii tokkoo reeshiyoo armaan gadiin kennama:

C: saffisa ifaa vaakiyumii keessaa yoo ta’u, V’n ammo saffisa ifaa yaa’icha keessaati.

  • Balaqqeessa’uun guutummaa keessaa yeroo ifti yaa’a yabbuu irraa gara yaa’a haphiitti darbu uumama. Balaqqeessa’uu guutummaa keessaa daangaa yaa’a lamaanii irratti kan uumamu kofti daangessaa   irratti.

   , n1> n2

  • Daawwitiin diriiroo fakkaattii yaadoo, ol-qajeelaa fi wal-qixa ta’e uuma. Fageenyi wantoo fi fageenyi fakkaattii wal-qixa ( ).
  • Guddiftuun daawwitiiwwanii fi leensii:
  • Himi wal qixa leensii: 

Kitaabolee Wabii

  1. D. Wilson and J. Buffo : Collage Physics, Volume 2; 5th  edition
  2. Young, Hugh D., Sears and Zemansky’s University Physics with modern Physics, 11th  edition
  3. A. Serway, J.Jewett, Physics for Scientists and Engineers with modern Physics, 9th edit
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *