Basic Natural Science I – BNSC 101

Saayinsii Uumamaa Bu’uuraa I (BSc 101)

Sagantaa Dippiloomaa (10+3)tiif Kan qophaa’e

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

                         Onkoloolessa, 2006

Finfinnee

Maqaa koorsii: Saayinsii Bu’uuraa I
Kooddii koorsii: BSc 101
Kiredit haawarii: 3
Kontaakti haawarii: _
Haala duree barbaachisu: hin qabu
Barattoota barachuu qaban: Barattoonni dippiloomaa sagantaa kilaasterii fi liinarii baratan.

Ibsa koorsichaa:
Koorsii kana keessatti Maayikroo-orgaanizimoota, baayoloojii namaa, pirinsipiloota ramaddii lubbu-qabeeyyii, caasaalee atoomotaa, hidhoo keemikaalaa fi anniisaa molekiyuloota gidduu, falka fiizikaalaa wantootaa, safaraa fi hanga fiizikaalaa wantootaa, sochii fi anniisa makaanikisiin salphaa koorsii kana keessatti ni ilaalamu.

Kaayyoo koorsichaa: Xumura koorsii kanaa irratti kaadhimamtoonni barsiisotaa:
 Maayikirooskooppii itti fayyadamuu ni danda’u.
 Maayikroo-orgaanizimoota adda baafachuun dhukkuba irraa of ni ittisu.
 Dhangaalee nyaataa namaaf barbaachisan ni tarreessu akkasumas madda isaanii ni beeku.
 Caasaalee sirna bullaa’insa soorataa, hargansuu fi marsaa dhiigaa ni ibsu.
 Pirinsipiloota ramaddii lubbu-qabeeyyii fi sirna ramaddii mootummaa shanii ni ibsu.
 Caasaa atoomotaa fi amaloota isaanii ni beeku.
 Atoomota, ayoonotaa fi molekiyuloota gargar ni baasu.
 Hidhoo ayoonikii, kovaalentii fi sibiilaa ni ibsu.
 Anniisa keessoo waantotaa hubachuun ni ibsu.
 Seera bu’uuraa wal-nyaatinsa kemikaalaa fi istechiyoomeetirii ni beeku.
 Yaada hiddama sochii wantootaa ni hubatu.
 Amaloota falkaalee gaasii, dhangala’oo fi jajjaboo ni ibsu.
 Qaamolee fiizikaalaa bu’uuraa fi diriirfamoo (shallagamoo) akkasumas qaamolee fiizikaalaa kaldhabee fi kalqabee addaan ni baasu.
 Kalqabee ida’uu fi hir’isuu itti fayyadamuun gaaffilee ni hojjetu.
 Sochii wal-fakkaataa daandii sirrii fi sochii guula wal-fakkaataa daandii sirrii ni ibsu.
 Piroobleemota sochii walfakkaataa daandii sirrii fi sochii guula walfakkaataa daandii sirrii irratti hundaa’e ni furu.
 Gosoota humnootaa addaan ni baasu.
 Seerota sochii Niwutonii ni ibsu, gaaffilee seerota sochii Niwutoniin walqabatanis ni dalagu.
 Amalootaa fi taateewwan rigataa ni ibsu.
 Anniisaa, dalagaa fi aangoodhaaf hiika ni kennu.
 Amaloota anniisaa ni addeessu (ibsu).
 Pirobleemota anniisaa, dalagaa fi aangoodhaaf hiika ni kennu.
 Gosoota maashinoota sasalphaa ni tarreessu.
 Maashinoota sasalphaa ilaalchisee; AMA, IMA fi ga’umsa isaanii ni ibsu.
 Piroobileemota maashinoota sasalphaan walqabatan ni dalagu.

Boqonnaa Tokko
Maayikroo-orgaanizimootaa fi Dhukkuboota
Seensa
Maaykiroo-orgaanizimoonni orgaanizimoota xixiqqoo ijaa qullaan hin mul’anne ta’anii kanneen maayikrooskoppiin mul’ataniidha. Boqonnaa kana keessatti miidhaa fi faayidaa isaanii ilaalla. Keessumaayuu immoo kanneen dhukkuboota wajjin hariiroo qaban irratti xiyyeefanna. Kanaafuu, boqonnaa kana keessatti qabiyyeewwan xixiqqoon gosoota, caasaalee fi akkaataa itti fayyadama maayikrooskoppii akkasumas maaykiroo-orgaanizimoota fi dhukkuboota irratti haala armaan gadiin dhiyaateera.
Kaayyoo
Xumura boqonnaa kanatti leenjifamtoonni:
 Gosa maayikrooskoppii fi qaamolee isaanii faayida waliin ni ibsu.
 Maalummaa maayikroo-orgaanizimootaa ni addeessu.
 Gareewwan maayikroo-orgaanizimootaa shanan ni ibsu.
 Mallattoolee, akkaataa daddarbaa fi to’annoo dhukkuboota maayikroo-orgaanizimootan dhufanii ni ibsu.
1.1. Maayikrooskoppii
 Jechi maayikrooskoppii jedhu jechoota Giriik lama irraa dhufe. Isaanis: maayikroos-xiqqoo, iskooppen-ilaaluu jedhudha
 Meeshaa baayoloojikaalawaa wantoota xixiqqoo ija uumamaa qofaan mul’achuu hin dandeenye guddisee mul’isu dha
 Guddinaa fi dagaagina beekumsa baayoloojii keessatti ga’ee guddaa taphataa jira
 Leensii ykn leensota ofirraa qaba
 Wantoota lama wal-faana dalaga- wantoo guddisee mul’isuu fi qaamolee isaanii addaan baasee agarsiisuudha.
 Guddisee mul’isuu: dandeettii maayikrooskoppiin wantoo qo’atamu hamma qabatamaa isaa irraa harka baay’ee guddisee mul’isudha
 Addaan baasee mul’isuu : dandeettii maayikrooskoppiin qaamolee xixiqqoo wantoota daawwatamanii addaan baasee agarsiisuu jechuudha

Gosoota Maayikrooskoppii
Ulaagaa adda addaa irratti hundaa’uun maayikrooskoppii iddoo adda addaatti qooduun ni danda’ama.
a) Sadarkaa wal-xaxinsa caasaa irratti hundaa’uun
o Sadarkaa wal-xaxinsa caasaa irratti hundaa’uun maayikrooskoppii iddoo sadiitti hiruun ni danda’ama.
i) Maayikrooskoppii salphaa
 Leensii konveeksii (leensii goophaa) tokko qaba
 Wantoota si’a 10 hanga 20 guddisee mul’isuu danda’a(10X hanga 20X)
 Caasaalee qaama biqiltootaa fi bineeldota xixiqqoo ilaaluuf gargaara
 Leensiin harkaa fakkeenya maayikrooskoppii salphaati

     Fakkii1.1: Leensii harkaa adda addaa

ii) Maayikrooskoppii kompaawundii
 Sirna leensotaa lama qaba. Isaanis: leensii ilaaltuu fi leensii wanteessaa ti
 Leensii ilaaltuu tokko qofa kan qabu ija-tokkee (monocular) jedhama, leensii ilaaltuu lama kan qabu immoo ija-lamee (binocular) jechuun ramaduun ni danda’ama.
 Leensiin ilaaltuu wantoo si’a kudhan guddisa. Kanaaf, 10X jedhamee irratti barreeffama.
 Leensota wanteessaa afur qabu. Isaanis:
• Abbaa aangoo gad-aanaa = 4X
• Abbaa aangoo giddugaleessaa = 10X
• Abbaa aangoo ol’aanaa = 40X
• Cuuphaa zayitaa = 100X
 Wantoo hamma si’a 1500X guddisee mul’isus jira.

Humna guddisee mul’isuu waliigalaa = humna guddisee mul’isuu leensii
ilaaltuu x humna guddisee mul’isuu leensii wanteessaa

Fakkeenyaaf: Wantoon yeroo wanteessaa abbaa aangoo gadaanaa jalatti ilaalamu, humni guddisee mul’isuu waliigalaa isaa, humna guddisee mul’isuu leensii ilaaltuu (10X) x humna guddisee mul’isuu leensii wanteessaa abbaa aangoo gad-aanaa (4X).
= 10X x 4X = 40X ta’a

Fakkii 1.2: Maayikrooskoppii kompaawundii moodeela adda addaa
iii) Maayikrooskoppii elektiroonii
 Maayikrooskoppii wal-xaxaa fi humna guddisee mul’isuu ol’aanaa qabu dha
 Bara 1930 tti kalaqame, garuu bal’inaan kan hojiirra oole bara 1950
keessa dha.

Fakkii 1.3: Maayikrooskoppii elektiroonii
Gocha : hammi guddisee mul’isuu isaa meeqa?
b) Madda madanaa irratti hundaa’uun
 Maayikrooskoppii iddoo lamatti hiruun ni danda’ama
i) Maayikrooskoppii ifaa
 Fakkaattii uumuuf xiyyoota ifa aduu ykn elektirikii irraa argamutti fayyadama. Fakkeenya: Leensii harkaa, maayikrooskoppii kompaawundii
ii) Maayikrooskoppii elektiroonii
 Fakkaattii uumuuf biifama elektiroonaatti fayyadama
 Eddattoo gadi fageenyaan, qulqullinaa fi si’a baay’ee guddisee agarsiisa
Qaamolee Maayikrooskoppii
Maayikrooskoppii kompaawundii fudhachuun qaamolee maayikrooskoppii ilaalla
a) Qabannoo- qaama maayikrooskoppii ujummoo fi waltajjiin itti hidhamee jiru dha.
b) Ejjannoo- madaala eeguun maayikrooskoppii utubee dhaaba
c) Ujummoo- qaama maayikrooskoppii karaa gubbaa leensota ilaaltuu fi karaa gadii leensota wanteessaa baatu dha.
d) Ilaaltuu – qaama maayikrooskoppii fiixee irratti argamu dha.
e) Murteessoo ifaa – hamma ifaa wanta ilaalamu keessa darbuu qabu kan to’atu dha
f) Waltajjii – qaama baxxee yeroo baay’ee sibiila irraa tolfamee fi eddattoon isilaayidii irratti qophaa’e irra kaa’amu dha

Fakkii 1.4: Qaamolee maayikrooskoppii kompaawundii
Akkaataa Qabannaa Maayikrooskoppii
Maayikrooskoppii sirnaan itti fayyadamuuf, akkaataa qabannaa isaa sirriitti hubachuun barbaachisaa dha. Qabannaa fi eeggannoo maayikrooskoppii ilaalchisee qabxilee armaan gadii haalaan hubachuu fi hojiirra oolchuun barbaachisa.
a) Yeroo hunda maayikrooskoppii yoo ol kaastu harka lamaaniin ol kaasi. Harka mirgaan qabannoo isaa harka bitaan immoo ejjannoo isaa qabi.
b) Yeroo maayikrooskoppii minjaala irra keessu suuta jedhii of eeggannoon kaa’i. Minjaala irra yeroo keessu qabannoo isaa gara keetti, waltajjii isaa immoo gara faallaa keetti garagalchii kaa’i.
c) Maayikrooskoppiin bakka dhukkeen hin dhaqabne kaa’amuu qaba.
d) Leensonni maayikrooskoppii keessatti argaman waraqaa leensota kana qulqulleessuuf qophaa’an qofaan qulqullaa’uu qabu.
e) Isilaayidii qophaa’oon shaakaluu yoo barbaadde, duraan dursii qulqulluu ta’uu isaanii mirkaneessi.
f) Yeroo hunda waltajjiin maayikrooskoppii qulqulluu ta’uu qaba. Yoo jiidhellee battaluma sanatti gogsi.
g) Leensota wanteessaa balaa irraa ittisuuf yeroo hunda wantoo isilaayidii irra kaa’ame uwwistuu isilaayidiin haguugi.
h) Yeroo fuulleffannaaf waltajjii sochooftu, yeroo hunda waltajjii gad irraa jalqabii ol sochoosi.
i) Maayikrooskoppii erga fayyadamtee booda qulqulleessii itti haguuguun ol kaa’i.
j) Maayikrooskoppii yeroo ol keessu, wanteessaa abbaa aangoo gad-aanaa irra ta’uu isaa mirkaneessi.
Akkaataa Itti fayyadama Maayikrooskoppii
Maayikrooskoppii fayyadamtee wantoo ilaaluun dura kanneen armaan gadii raawwachuu qabda.
a) Maayikrooskoppii gara qarqara minjaalaatti butuun qabannoo isaa gara keetti, waltajjii isaa immoo ofirraa garagalchii kaa’i.
b) Yeroo hunda bakka mijaawaa duuba maayikrooskoppii taa’i.
c) Isilaayidii waltajjii irra kaa’uun akka ifni wanticha keessa darbu taasisi.
d) Maayikrooskoppichi bakka ifa ga’aa argatu taa’uu qaba.
e) Wanteessaa abbaa aangoo gad-aanaa irraa jalqabi
f) Qindeessituu fakkaattii golollisaa fi qindeessituu fakkaattii sirriin wantoo ilaalamuu barbaadame ifaa fi qulqulluu ta’ee akka mul’atu taasisi.
g) Ilaaltuu maayikrooskoppii keessaan fakkaattii uumame ija lamaaniin ilaali.
h) Naannessituu wanteessaa gargaaramuun gara wanteessaa abbaa aangoo giddu galeessaa fi ol’aanaatti naannessuun fakkaatti uumamu ilaali.

1.2. Maayikiroo-orgaanizimii fi Dhukkuboota
1.2.1. Maayikiroo-orgaanizimii
Maayikroo-orgaanizimiin maali?
Maayikroo-orgaanizimoonni:
 Lubbu-qabeeyyii hammaan xiqqoo ta’anii ija qullaan hin mul’annedha.
 Caasaa salphaa kan qaban waan ta’eef, isaaniin arguuf maayikrooskoppii barbaachisa.
 Gareewwan shanitti qoodamu: pirootoozuwaa, saphaphoota muraasa, baakteeriyaa, fangasii muraasaa fi vaayirasoota.
a. Pirootoozo’aa
 Orgaanizimoota seel-qeenxeedha
 Baay’een isaanii bakkaa bakkatti socho’u
 Iyuukaariyoota (meeshaan jenetiksii isaanii membireenii nukilaariin kan haguugamee) jalatti ramadamu.
 Caasaalee adda addaa sochii fi soorannoof isaan gargaaru qabu.
 Mootummaa pirootistaa jalatti ramadamu.
 Akkaataa jireenyaa adda addaa qabu.
 Tokko tokko bilisa ta’anii ofiin jiraatu. Fkn: Paaraamisiyamii
 Tokko tokko bifa maxxantummaan jiraatu. Fkn: Ameebaa
 Bidoollee adda addaa keessa jiraatu.
 Bishaan ashaboo keessa. Fkn: fooraaminiiferaa
 Bishaan haaraa keessa. Fkn: Paaraamisiyamii
 Maxxantuu ta’anii. Fkn: Pilaasmoodiyamii, ameebaa, jaardiyaa
 Niwukilasii tokko ykn tokkoo ol qabaachuu danda’u. Fkn: Ameebaan nukilasii tokko qaba; paaraamisiyamiin immoo nukilasii lama (nukilasii guddaa fi niwukilasii xiqqaa) qaba.
 Caasaale sochii adda addaa qabu.
i) Rifeensee – caasaalee xixiqqoo rifeensa fakkaatanii ala qaamaa irratti argamanidha. Yeroo saffisaan hollatan orgaanizimichi ni socho’a. Fkn: Paaraamishiyamii

Fakkii 1.5: Paaraamisiyamii
ii) Sil-qixa – caasaa qal’aa fi dheeraa ala qaama orgaanizimiitti argamudha. Baay’inni isaa tokko yookiin tokkoo ol ta’uu danda’a, garuu hamma rifeensee hin baay’atu. Fkn: Jaardiyaa
Fakkii 1.6: Jaardiyaa

iii) Miil-soboo – caasaa dhaabbataa miti; kan jijjiiramudha. Fkn: Ameebaa

                Fakkii 1.7: Ameebaa

iv) Kanneen caasaa sochii hin qabnes jiru. Fkn: Pilaasmoodiyeemii

Miidhaa Pirotoozowaa
Pirootoozowaan Fkn ameebaa, jaardiyaa, pilaasmoodiyemii fi kkf maxxantoota ta’uudhaan keessa binneeldotaa jiraatu.
Gochaa: Faayidaan isaanii hoo maali jettee yaadda?
b. Saphaphuu
 Saphaphoonni siyaanoofaayitaa(saphaphuu cuqul-magariisaa) irraa kan hafe iyukaariyoota jalatti ramadamu
 Saphaphoonni seel-qeenxee ta’an jiru, akkasumas kanneen seel-hedduu ta’anis jiru
 Saphaphoonni seel-qeenxee ta’an maayikrooskoppii malee ija qullaan hin mul’atani.
Fkn: Kilooreellaa, ispaayiroojaayiraa, kilaamaayidoomonaasii

Fakkii 1.8: A= Kilooreellaa, B= Ispaayiroogaayiraa, C= Kilaamidoomonaasii
Faayidaa saphaphootaa
i. Nyaata iv. Xaa’oo vii. Warshaa keessatti
ii. Nyaata horii (fodder) v. Qulqulleessuu bishaaniitiif
iii. Boba’aa “fuel” vi. Qorichummaa
Miidhaa saphaphootaa
Saphaphootni miidhaawwan armaan gadii qabu.
i. Faalama bishaanii fidu.
ii. Lubbuu namaa irraan miidhaa geessisu.
iii. omisha baala shaayee hir’isu.
iv. Tajaajila bishaan magaalaa irratti dhiibbaa geessisu.
Gochaa: Faayidaa fi miidhaa isaanii kanaa fi kan biroo irratti kitaaba wabii fayyadamuun dareef gabaasi.
C. Baakteeriyaa
Seeliin baakteeriyaa pirookaariyoota yeroo ta’u, baay’inni seelii isaa tokko qofa. Kanaafuu, baakteeriyaan orgaanizimii seel-qeenxeedha jedhama. Baakteeriyaan nukileesii hin qindoomne fi memberenii niwukilesiin hin golgamiin qabu. Kana jechuun kiromoozomiin baakteriyaa saayitoopilaazimii keessatti faffaca’anii argamu jechuudha. Baakteeriyaan kutaalee seelii laayisoosomii, dhaqna goljii fi maayitookondoriyaa hin qaban. Gosoota baakteeriyaa keessaa gariin isaanii silqixa tokko ykn tokkoo ol qabu. Gariin immoo silqixa gonkumaa hin qaban. Sil-qixni baakteeriyaa caasaalee sadii qaba. Isaanis: qaama baasaalii, hokkoo fi filaamentii dha.

Fakkii 1.9: Sil-qixa baakteeriyaa
 Baakteeriyaa irratti iddoo argama sil-qixaa fi baayina sil-qixaa irratti hundaa’uun bakka adda addaatti qoodamu.
i) Monootiriichiyasii – sil-qixa tokko qofa qabu
ii) Loofootiriichiyasii – sil-qixa hedduu iddoo tokko irraa qabu
iii) Amfiitiriichiyasii – sil-qixa qaama faallaa walii ta’e irraa qabu
iv) Periitiriichiyasii – sil-qixa qaama hundarraa qabu

Fakkii 1.10: Iddoo argama sil-qixa baakteeriyaa irraa: A= Monootiriichiyasii,
B:Loofootiriichiyasii, C:Amfiitiriichiyasii, D: Periitiriichiyasii
Baakteeriyaan silqixa kana raasuun yookiin sochoosuun bakkaa bakkatti adeemu.
Caasaalee garaagaraa baakteeriyaan qabu fakkii armaan gadii ilaali.

     Fakkii 1.11: Caasaa seelii baakteeriyaa waliigalaa

Boca isaanii irratti bu’uureffamudhaan baakteeriyaan gosa sadiitti qoodamu: Isaanis:
i) Boca geengoo (Kokasii)
Baakteeriyaa boca geengoo ykn boca naannawaa qabanidha.
Fkn: Diiplookookas baakteeriyaa, Stiriptokokasii, Staafilookokasii

ii) Boca ulee (Rod shape) ykn siiqqee fakkaatu kan qaban. Fkn: Baasilasii, Sterptobasilayii

iii) Boca marmee (Ispiiraalii) Fkn: Tireeponema paladiyam

Fakkii 1.14: Baakteriyaa boca marmee qaban
Faayidaa baakteeriyaa
Baakteeriyaan naannoo keenya marsanii argamu. Baakteeriyaan jireenya guyyaa guyyaa ilma namaa wajjin kallattiinis ta’e cingalaan qunnamtii fi hidhata qabu. Baakteeriyaan jireenya keenya keessatti bu’aa ni kennu, miidhaas ni qabu. Barbaachisummaan baakteriyaa:
a) Madaala uumamaa eeguuf
b) Gabbina biyyee ida’uuf:
c) Aannan itichuuf: Aannan gara itittuutti kan gedderamu sababa gocha baakteeriyaatiin. Fakkeenyaaf: Baakteeriyaa laaktiki asiidii.
d) Dawaa (qorcha) adda addaa tolchuuf: Baakteeriyaan baay’en keessattuu gartuun Aktinoomyiseetii warshaa qorchaa keessatti antiibaayootikii qopheessuu keessatti dhimma irra oolu. Antiibaayootikiin daawaa (qorcha) baakteeriyaa ajjeesan ta’anii kanneen baakteeriyaa fi fangasiin qophaa’anidha. Alexander Fleming, yeroo jalqabaaf bara 1929 tti antiibaayootikii “Penecillin G” jedhamu fangasii irraa argachu danda’eera.
Gaaffii
Kaadhimamtoota barsiisotaa, gaaffilee armaan gadii erga kitaabota wabii irraa sirriitti dhubbistanii booda dareef gabaasa.

  1. Alexander Fleming, antiibaayotikii “Penecillin G” jedhamu yeroo jalqabaaf fangasii maal
    jedhamu irraa argate?
  2. Alexander Fleming, yeroo jalqabaaf baakteeriyaa maal jedhamu irratti yaalii gaggeessuun bu’a
    qabeessummaa (Baakteriyaa ajjeesuu) “Penecillin G” mirkaneeffate?
  3. Faayida baakteeriyaan dhala namaaf qabu kanneen biroo ibsi. (Fkn: Warshaa nyaataa, warshaa
    dhugaatii, qonnaa fi kkf) keessatti faayidaa baakteriyaan qabu ibsi.
    Miidhaa Baakteeriyaa
    Akkuma faayidaan isaanii hedduu ta’e miidhaan isaan qabanis salphaa miti. Fakkeenya: Dhukkuboota kanneen akka dhukkuba sombaa, dhukkuba golfaa, dhukkuba qurcii, koleeraa, fanxoo fi cophxoo kan nutti fidu illee baakteeriyadha.
    Gocha: Dhukkuboota armaan olii kitaaba adda addaa dubbisuun baakteeriyoota ka’umsa isaanif sababa ta’an barreessuun garee kee fi barsiisa keef gabaasi.
    D. Fangasoota muraasa
     Fangasoonni orgaanizimoota nyaata mataa isaanii hin qopheeffannee fi orgaanizimoota du’an ykn jiraatoo sooratu
     Hedduun fangasootaa seel-hedduu yoo ta’an muraasni isaanii kanneen akka raacitii seel-qeenxee dha
     Fangasoonni hunduu iyukaariyoota
     Raacitii fakkeenya fudhannee haa ilaallu
    Raacitii
     Seel-qeenxee dha
     Iyukaariyoota dha
     Niwukilasii, saayitoopilaazimii, membireenii seelii cichaa seeliin marfame qabu
     Cichaan seelii isaanii kaayitiinii qaba
     Wal-hormaata saal-malee; kichuu uummachuun wal-horu
    Faayidaa Fangasootaa
     Fangasoonni akkuma baakteeriyaa naannoo uumamaa keenya keessatti qaamolee biqilootaa fi bineeldotaa du’aa diiganii burkuteessun marsaa gaasotaa fi albuudotaa keessatti qooda fudhatu.
     Gosoonni fangasootaa tokko tokko nyaataaf ni oolu. Fakkeenya: Coommee
     Raacitiin bukoo buddeenaa fi bukoo daabboo bokoksuuf akkasumas dhugaatii alkoolii qopheessuu keessatti ni gargara. Kompaawundoota shukkaara of keessaa qaban gara alkoolii fi CO2 geeddara. Adeemsi kunis raaciteessuu jedhama.
     Fangasoonni warshaalee qorichaa keessatti iddoo cuunfamanii qorichummaa fillee ni oolu. Fkn: Qoricha Peensilinii jedhamu dhukkuba baakteeriyaa gara garaa irraa nu fayyisa. Fangasiin Peensiliyam nootatum jedhamu irraa mala saayinsaawwan ni qophaa’a.
    Miidhaa fangasootaa. Karaa biraatiin fangasoonni nyaata isaanii waan hin qopheeffanneef nyaata argachuuf lubbu-qabeeyyii biroo irratti maxxantummaan jiraatu. Yeroo kana biqilootaa fi bineeldota irratti dhukkuboota gara garaa fidu. Fakkeenya O’ichoo, Baarillee, roobbii fi KKF.
    E. Vaayirasoota
     Jiraachuun isaanii yeroo jalqabaaf bara 1892 qo’ataa biqiltootaa biyya Raashiyaa kan ta’e D.I. Ivaanooviiskii jedhamuun argame
     Erga maayikrooskoppiin elektiroonaa argamee booda sirriitti qo’atame
     Lubbu qabeeyyii hunda irra xiqqaa dha(dheerina ykn diyaameetirii 0.01-0.1 µm)
     Caasaa seelii hin qabani
     Of danda’anii meetaaboolizimii ofii isaanii hin gaggeessani(gubata soorataa, qophii pirootiinii, baay’achuu DNA, footoosinteesisii, geejjiba si’ataa hin gaggeessani)
     Wantoota hormaataa(baay’achuuf) isaan barbaachisu argachuuf lubbu-qabeeyyota akka naannoo jireenyaatti fayyadamu
     Seelii lubbu-qabeeyyii keessatti qofa waan wal-horaniif maxxantoota dirqama seelii keessaa jedhamu.(Hundi isaanii maxxantoota)
     Lubbu-qabeeyyota sanyii adda addaa irratti miidhaa geessissu
    Uumama meeshaa jenetiksii irratti hundaa’uun garee ijoo sadiitti qoodamu. Isaanis: vaayirasii DNA fi vaayirasii RNA dha .

Fakkii 1.15: Caasaa waliigalaa vaayirasii DNA

 Vaayirasii RNA ta’anii kanneen inzaayimii riivarsi tiraanskiriipteesii qaban immoo reetiroovaayirasii jedhamu. Fkn: “HIV”

Fakkii 1.16: Caasaa waliigalaa vaayirasii RNA

 Vaayirasoonni karaalee adda addaa keessummeessitoota isaanii seenu. Karaalee isaan ittiin seenan: qilleensaan yookiin biifamaan (qufa’uu, haxxiffachuu), baattotaan (Fkn: dhukkuba saree), fi kkf.
Miidhaa vaayirasootaa
 Vaayirasonni akka waliigalatti yommuu ilaalamanii dhukkuboota kanneen akka dhukkuba laamsheessaa, gifiraa, eedsii, fi kan kana fakkaatuuf sababadha.
 Piroojektii: Sababa dhukkubaa, mallattoo, akkaataa daddarbuu fi mala ittisa dhukkuboota kanaa ibsi.

1.2.2. Dhukkuboota
Dhukkubni adeemsa qaamni yookiin kutaaleen qaama keenyaa hojii isaa sirriitti raawwachuu yookiin geggeessuu yommuu dadhabudha. Dhukkuboonni bakka lamatti qoodamuu danda’u. Isaanis dhukkuboota daddarboo fi dhukkuboota miti-daddarboodha.
Leenjifamtootaa! Dhukkuboonni mit-daddarboo dhukkuboota akkamidha?
A) Dhukkuboota daddarboo
Nama irraa namatti kanneen daddarbani dha
Karaalee adda addaan daddarbu:
Qilleensaan
Tuqaatiin
Bishaan faalameen
Copha dhangala’oon
Nyaata faalameen
Quunnamtii saalaan
Baattotaan
Paatoojiinotaan nama qabu. Isaanis vaayirasii, baakteeriyaa, fangasii muraasa fi pirootoozo’aa muraasan kan dhufan yoo isaan keessaa muraasa haala armaan gadiin haa ilaalu.
i) Daranyoo sombaa (‘Tuberculosis, TB’)
 Sanyii baakteeriyaa Maayikoobaakteeriyeem tubarkuloosis jedhamuun nama qaba.
 Karaalee daddarbaa:
 Qufa’uun
 Haxxiffachuu
 Aannan loon baakteeriyaa kanaan faalamee dhuguun
 Meeshaalee fi nyaata faalameen
 Mallattoolee:
 Hir’ina fedhii nyaataa
 Hir’ina ulfaatina qaamaa
 Qufaa fi haqqifata dhiigaan makame
 Halkan halkan hurkuu
 Malli ittisaa:
 Akkaataa jireenyaa mana keessaa fooyyessuu
 Baay’ina jiraattota mana tokko keessaa xiqqeessuu
 Aannan danfisanii dhuguu
 Talaallii fudhachuu
 Dhukkubsataa waliin wal-tuttuquu dhiisuu
Taayifooyidii
 Sanyii baakteeriyaa Saalmonellaa taayifii jedhamuun nama qaba
 Karaalee ittiin faffaca’an: baattotaan. Fkn: tafkii, hantuuta
 Mallattoolee:
 Mataa bowwoo
 Dhukkubbii dugdaa, lafee harkaa fi miilaa
 Ho’a qaamaa guddaa ta’e
 Laagaan goggoguu
 Albaatii ykn gogiinsa bobbaa
 Dhiita’uu tiruu
 Malli ittisaa:
 Mana fincaanii erga deemanii qulqullaa’anii booda harka sirnaan dhiqachuu
 Bishaan dhugaatii qulqulleessuu
 Qulqullina nyaataa eeguu
 Nyaata osoo hin bilchaatiin ykn walakkaan bilchaate nyaachuu irratti of-eeggannoo gochuu
 Baattoo dhabamsiisuu
Dhukkuboota wal-quunnamtii saalaatiin daddarban
a. Cophxoo
 Sanyii baakteeriyaa Niseeriyaa gonoriyee jedhamuun nama qaba.
 Maxxantuun dhukkuba kana qabsiistu qaama keessa iddoo jiidhinsa qabu kan akka buqushaa, tuffee, laagaa fi folodaa keessa jiraatti.
 Wal-quunnamtii saalaatiin dhiira dhukkuba kanaan qabame irraa gara dubartii fayyaatti ykn dubartii dhukkuba kanaan qabamte irraa gara dhiira fayyaatti darba.
 Mallattoolee:
 Mataa bowwoo
 Dhangala’oon halluu keelloo fincaan dursee bahuu
 Xannachoonni piroosteetii fi ippiididimoonni miidhamuu
 Ujummoon fincaanii fi ulaan gadameessaa miidhamuu
 Yeroo fincaan fincaa’an miira gubaatii dhageessisuu
 Malli ittisaa:
 Yeroo quunnamtii saalaa kondomiitti fayyadamuu
 Hiriyaa ofiif amanamaa/amanamtuu ta’uu
Antiibaayotiksii fayyadamuun fayyuun ni danda’ama.
b. Fanxoo
 Sanyii baakteeriyaa Tiripnemaa paalidamii jedhamuun nama qaba
 Quunnamtii saalaan daddarba
 Mallattoolee:
 Madaa xixiqqoo miira dhukkubbii qabu naannoo tuffee fi buqushaa irrattii fi keessatti mul’achuu
 Xannachoonni liimfii mudaamuddiitti dhiita’uu
 Wanti cittoo fakkaatu fuulaa fi qaama biroo irratti dorbobbaa’anii mul’achuu
 Fedhiin nyaataa hir’achuu
 Mataa bowwoo
 Malli ittisaa:
 Jaalallee tokko qofa qabaachuu fi walii amanamuu
 Qulqullina dhuunfaa eeggachuu
 Yeroo quunnamtii saalaa kondomiitti gargaaramuu
Antiibaayotiksii fayyadamuun fayyuun ni danda’ama
c. Abbaa seeruu
 Sanyii baakteeriyaa Hemofilas dukireeyi jedhamuun nama qaba
 Quunnamtii saalaan daddarba
 Mallattoolee:
 Erga fincaan fincaa’anii booda miirri gubaatii namatti dhaga’amuu
 Madaan arrabaa fi hidhii irratti bahuu danda’a
 Gara mudaamuddiitti faca’uun dhiitoo uumuu danda’a. Dhiitoon uumamus gogaa keessatti dhohee malaa gara alaatti baasa.
 Malli ittisaa:
 Jaalallee tokko qofa qabaachuu
 Yeroo quunnamtii saalaa kondomiitti gargaaramuu
 Quunnamtii saalaa irraa of qusachuu
1.3. “HIV” fi “AIDS”
 “HIV”n (Human Immunodeficiency Virus)dha.
 “HIV”n:
Qaccee leentiivaayirasii ta’ee miseensa warra reetiroovaayiriideedha.
Sanyii xixiqqoo lama qaba. Isaanis: HIV-1 fi HIV-2dha.
 HIV-1-Vaayirasii yeroo duraa argamee fi nama baay’ee ajjeesedha. Addunyaa hundarratti mul’ata.
 HIV-2-Hammi ajjeechaa HIV-1dhaan gadidha. Irra caalaa naannawaa Afrikaa dhihaatti mul’ata.
 “AIDS”n (Acquired Immune Deficiency Syndrome)
 Dhukkuba guddaa uummata addunyaa miidhaa jiru dha
 Kan beekame bara 1981 A.L.A tti
 Hamma ammaatti qorichi fayyisu ykn talaalliin hin argamneefi
 Mallattoolee:
 Ho’i qaamaa dabaluu
 Halkan halkan dafquu
 Dadhabbiin namatti dhaga’amuu
 Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
 Karaalee ittiin daddarban:
 Dhiiga hin qoratamne walii gumaachuun
 Meeshaalee adda addaa dhiiga dabarsuuf, baqaqsanii hodhuuf, ilkaan buqqisuuf, qoricha dhiiga keessatti dabarsuuf gargaaran kan faalame yoo ta’e
 Haadha irraa gara daa’imaatti: gadameessa keessatti kara hidda handhuuraa, yeroo da’umsaa fi harma hoosisuun
 Quunnamtii saalaa daangaa hin qabneen
 Malli ittisaa:
 Quunnamtii saalaa daangaa hin qabne irraa of qusachuu
 Yeroo quunnamtii saalaa kondomiitti fayyadamuu
 Jaalallee tokko qofa qabaachuu fi waliif amanamuu
 Meeshaa mana yaalaa hunda haala eegamuun qulqulleessuu
 Meeshaalee qara qaban namni tokko itti fayyadametti fayyadamuu dhiisuu
Amala quunnamtii saalaa itti gaafatamuummaa qabuu fi ogummaa jireenya (‘Responsible sexual behavior and life skills’)
Ogummaan(haalli) jireenyaa uummanni tamsa’ina “HIV/AIDS” irratti argatanii gochatti hiikuu qaban:
 Jijjiirama amalaa kan akka saala faallaan wal kabajuu
 Argamaa fi haala uumama Eedsii barachuun marsaa tamsa’ina isaa cabsuu(balleessuu)
 Namoota vaayirasichaan qabaman akka qaama hawaasa tokkootti fudhachuu fi guddina biyyaaf akka gumaachan gochuu
 Namoota HIV/AIDS waliin jiraatan keessatti kaka’umsa uumuun jireenya isaanii akka itti fufan gochuu
 Gochoota kan akka wal quunnamtii saalaa, adeemsa hiriyaa filachuu fi maatii itti gaafatamummaan itti dhaga’amu uumuu irratti mari’achuu

BOQONNAA 2
BAAYOLOOJII NAMAA
Seensa
Galteewwan adeemsa lubbuu keessaa inni ijoon sooratadha. Seelonni qaamaa lubbuudhaan jiraachuuf nyaataa fi qilleensatu isaan barbaachisa. Sooratni ijaarsa qaamaaf, tishuulee dhabaman deebisee bakka buusuuf, akka madda anniisaatti tajaajiluuf, dhukkuba hanqina soorataa irraa dhufan ittisuu fi k.k.f. fayyada. Nyaanni faayidaa seelotaatiif osoo hin oolin dura immoo xixiqqaachuu yookiin daakamuudhaan gara keemikaalota seelotni itti fayyadamuu danda’aniitti jijjiiramuu qabu. Sooratni gara keessatti fudhannu molekiyuloota gurguddoo irraa kan ijaarameedha. Molekiyuloonni gurguddoo kunniin daakamuun gara molekiyuloota xixiqqootti (‘monomers’) jijjiiramuun xuuxamanii qaama keessa yoo seenan malee faayidaa kennuu hin danda’ani. Sooratni namni nyaatu bullaa’ee gara dhiigaatti yoo xuuxame iyyuu, annisaa gahaa burqisiisuu kan danda’u yoo oksiijiniitiin gubateedha. Sirni hargansuu O2 gara keessatti fudhachuu fi CO2 gara alaatti baasuun (wal-jijjiirraa qilleensaa raawwachuudhaan) jireenya keenya keessatti gahee murteessaa taphata.
Seelonni haala walitti fufiinsa qabuun bishaan, oksiijinii fi nyaata argachuuf diffiyyuushinii salphaa (orgaanizimooti seel-qeenxee keessatti) yookiin sirna geejjibaa (orgaanizimoota seel-hedduu keessatti) fayyadamu. Orgaanizimoota seel-hedduu keessatti diffiyyuushinii salphaan wantoota barbaachisoo seelota hunda qaqqabsiisuu waan hin dandeenyeef sirna geejjibaa kan ta’e sirni marsaa dhiigaa isaan barbaachisa. Sirni kunis dhiiga, onnee, fi ujummoolee dhiigaa irraa kan ijaaramedha.
Haaluma kanaan boqonnaan kun (1) nyaata fi sirna nyaataa, nutireentoota gurguddoo, caasaalee bullaa’insa soorataa, adeemsa bullaa’insa fi xuuxama soorataa, (2) caasaalee fi dalagaawwan sina argansuu, akkasumas (3) gurmaa’ina sirna geejjibaa fi caasaalee fi dalagaawwan sirna marsaa dhiigaa irratti kan xiyyeeffatee haala armaan gadiin dhiyaateera.

Kaayyoo
Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:
 Hiika nyaata fi sirna nyaataa ni kennu.
 Gareewwan nyaata fi madda isaanii ni tarreessu.
 Qor-nyaataa ni gaggeessu.
 Caasaalee sirna bullaa’insa soorataa tarreessuun dalagaa isaanii ni ibsu.
 Adeemsa itti nyaanni afaan, garaacha fi mar’immaan qal’aa keessatti bullaa’uu ni ibsu.
 Gahee inzaayimootni bullaa’insa soorataa keessatti qaban nihimu.
 Adeemsa xuuxama soorataa ni addeessu.
 Maqaa caasaalee hargansuu fi dalagaawwan isaanii ni tarreessu.
 Dhiibbaa sochiin qaamaa, dhiphinni, qorchootni, teessumni lafaa, ulfaatinni qaamaa fi tamboo xuxuun hargansuu irratti qabu ni ibsu.
 Ujummoolee dhiigaa sadan ni tarreessu.
 Caasaa fi dalagaa onnee ni ibsu.
 Ruqoolee dhiigaa fi gartuuwwan dhiigaa ni tarreessu.
2.1. Nyaata fi Sirna Nyaataa
Namni ni dhalata; ni guddatas. Guddachuudhaaf immoo nyaatni isa barbaachisa. Wanti gara keessa qaamaatti fudhatamee anniisaa kennu, dhibee garaagaraa qaama keenya irraa ittisu fi gaggeessaawwan lubbuu akka sirriitti raawwatan gargaaru nyaata yookiin soorata jedhama. Fakkeenyaaf, foon, daabboo, qurxummii, kuduraalee, aannanii fi kanneen kana fakkaatanidha. Adeemsi waa’ee nyaata fi akkaataa nyaanni gara qaama keessatti ittiin fudhatamuun qaamaaf faayidaa adda addaa kennuu sirna nyaataa jedhama. Sirni nyaataa hariiroo nyaata fi fayyaa gidduu jiru irrattis ni xiyyeeffata.
Nyaata nutti nyaannu keessaa wantoonni tokko fi isaa ol argannuu fi faayidaa qaama keenyaaf kennuu dhangaalee nyaataa (Nutrients) jedhama. Dhangaalee nyaataa gosoota gurguddoo jahatti qoodamu. Isaanis kanneen armaan gadiidha.
A. Kaarboohaayidireetota (‘Carbohydrates’)
Kaarboohaayidireetonni elementoota kaarboonii (C), ossiijiinii (O) fi haayidiroojiinii (H) of keessaa qabu.Kaarboohaayidireetiin madda anniisaadha. Kaarboohaayidireetiin immoo kanneen akka fuduraalee mi’aawaa, damma, shonkoraa fi kan kana fakkaatu irraa argama. Kaarboohaayidireetiin naannoo 50% nyaata qaama barbaachisudha. Kaarboohaayidireetiin molekiyulii wal-xaxaa yoo ta’u yuuniitota sassalphoo (monomeres) irraa ijaarame.Kanaafis fakkeenya gaariin sukkaarota tokkee keessuma iyyuu immo gilukoosiidha.

Fakkii 2.1: Caasaa qubeelaa gilukoosii
Yuuniitii sukkaara of keessaa qaban irratti hundaa’uun kaarboohaayidireetonni garee 3tti qoodamu. Isaanis:-
i. Sukkaarota tokkee (Monosaccharides)- Fakkeenya:Raayiboosii, Dii’oksiiraayiboosii, Gilukoosii, Firuktoosii, Galaaktoosii
ii. Sukkaarota-lamee (Disaccharides)- Fakkeenya:Maaltoosii, Laaktoosii, Sukuroosii
iii. Sukkaarota hedduu (Polysaccharides)-Fakkeenya: Istaarchii, Seeluloosii,Gilaayikoojiinii
Akka waliigalatti yoo ilaalu kaarboohaayidireetonni faayidaa armaan gadii qabu.

  1. Madda nyaataa fi anniisaa. Fakkeenya: Gilukoosii, Istaarchii fi Gilaayikoojiinii
  2. Caaasaa cichaa seelii biqilootaa Fakkeenya: Seeluloosii
    B. Pirootiinota (‘Proteins’)
    Pirootiinonni kaarboohaayidireetota fi liippiidota caalaa kompaawundoota walxaxooyoo ta’anii elementoota kanneen akka kaarboonii (C), osiijiinii (O), haayidiroojiinii (H), naayitiroojiinii (N) akkasumas salfarii/walgaa (S) of keessaa qaba. Elementoonni kunniin walitti hidhamuun kompaawundoota amiinoo asiidota jedhamu uumu.Amiinoo asiidonni immoo walitti hidhamanii pirootiinii uumu.Kanaafuu, amiinoo asiidonni molekiyuloota xixiqqoo (monomeres) pirootiinonni irraa ijaaramanidha.Amiinoo asiidonni garee kaarboksilii (-COOH) fi garee amiinoo (-NH2) qabu. Garee kunniin atomii kaarbanii alfaa kaarban( -C) jedhamutti hidhamu. Amiinoo asiidinni garee “R” jedhamus ni qabu. Pirootiinota keessatti amiinoo asiidonni 20 argamu. Fakkii : Caasaa amiinoo asiidii Pirootiinonni caasaa qaama lubbu-qabeeyyii ijaaruu fi wal-nyaatinsa keemikaalaa hedduu keessatti gahee guddaa qabu. Fakkeenyaaf, qabiyyeen maashaalee irra caalaan pirootiiniidha. Faayiberoonni lafee, qeensa, rifeensa, gaanfa fi k.k.f. pirootiinii irraa ijaaramani. Kana malees pirootiinonni oksiijiinii geejjibuu, qaamaarra dhukkuba ittisuu fi akka hormoonittis ni tajaajiluu. Dalabalataanis wal-nyaatinsa qaama lubbu-qabeeyyii keessatti gaggeeffamanii si’eessu. Fakkeenya: Keeraatiinii, Kollaajiinii, Maayoosiinii, Inzaayimoota, Hormoonota, Hemogiloobiinii, Farroota qaama alagaa, Pirootiinota pilaazmaa fi k.k.f.dha. Pirootiinonni 20% nyaata qaama keenyaaf barbaachisanfoon, tiruu, kalee, baaqelaa, atarii, missiraa fi k.k.f. irraa argamu.
    C. Liippiidii/Cooma fi Zayita (‘Lipids’)
    Liippiidonni akkuma kaarboohaayidireetotaa elementoota kaarboonii (C), Haayidiroojiinii (H) fi oksiijiinii (O) irraa ijaaramani. Haata’u iyyuu malee elementoota akka salfarii(S) fi foosforasii (P) dabalataan qabaachuu ni danda’u.Liippiidonni bishaan keessatti hin bulbulamani. Liippiidota, kaarboohaayidireetota irra adda kan isaan godhu hammi oksiijiinii isaan qaban kan kaarboohaayidireetotaatti gadi ta’uudha.

Liippiidonni adeemsa bishaan of keessa baasuun (condensation) faatiiasiidii fi gilaayiserooliii irraa uumamu.

Fakkii : Adeemsa uumama liippiidotaa
Liippiidonni 30%-35% nyaata keenyaa yoo ta’an hafaan isaanii qaama orgaanizimoota keessatti ni kuufama. Faayidaan liippiidotaa irra caalaan anniisaa kennuudha.Liippiidonni kaarboohaayidireetii caalaa anniisaa guddaa kennu.Sababni isaas liippiidonni, kaarboohaayidireetii caalaa atomii haayidiroojiinii yookiin hidhoo haayidiroo-kaarboonii (C-H bonds) hedduu waan qabaniifidha.Biqiloonni zayita, tempireechara dareetti (20˚C) dhangala’ookan ta’an kuusu.Zayitiin kutaalee biqilootaa kanneen akka sanyii,firii, fi kilooroopilastii keessatti kuufama.Bineeldonni immoo haftee cooma (tempireechara dareetti/20˚C jajjaboo)kuusu (Fkn: baqqaana jaloo gogaa keessa).Coomni qaama keessatti yommuu gubatu bishaan gad-lakkifama.Bineeldonni gammoojjiikan akka Gaalaa fi “Kangaroorat” cooma qaama isaanii keessatti olkuusu. Lubbu-qabeeyyiin kun bishaan gubama coomaatiin gad-lakkifamu kanatti gargaaramuun jiraatu. Kanaaf, bineeldonni kun cooma qaama isaanii keessatti akka madda bishaaniiti gargaaramuuf kuusu. Faayidaan liippiidotaa kana qofa osoo hin ta’in caasaa membireenii seelii ijaarudha. Fakkeenya: Foosfooliippiidii.Liippiidonni nyaata kanneen akka cooma, dhadhaa, zayitii, nuugii, talbaa fi k.k.f. irraa argamu.
D. Albuudota Ashabaawoo (‘Mineral Salts’)
Nyaanni nuti nyaanu kompaawundoota akka kaarboohaayidireetii, pirootiinii fi liippiidii hammi isaanii guddaa ta’e of keessaa qaba. Qaamni kompaawundoota kana hamma guddaa ta’een barbaada. Nyaanni nuti nyaannu fi bishaan nuti dhugnu dabalataan wantoota qaamaaf barbaachisoo ta’an kanneen biroos of keessaa qaba. Wantoota kanneen keessaa tokko albuudotadha. Qaamni ashaboolee albuudotaa kopaawundoota kaawwaan caalaa hamma baay’ee xiqqaa ta’een barbaada. Albuudonni qaamni keenya hojii isaa haala gaariin akka hojjetuuf fayyadu. Albuudonni anniisaa qaamaaf hinkennani. Garuu utuu muraasni isaanii nyaata keessaa gonkumaa kan dhabamuu ta’e mudaan/rakkoon adda addaa qaama keessatti ni uumama. Mudaankun dhukkuboota hammeenya qabanii fida. Dhukkuboonni hanqina albuudotaatiin dhufan kun dhukkuboota hanqina nyaataa (defciency diseases) jedhamu.
Gabatee 1: Albuudota qaamaaf barbaachisan, dalagaa isaanii fi dhukkuba hanqina isaaniitiin dhufan
Albuuda Madda Maataa albuudichaan badhaadhe Faayidaa albuudichaa Dhukkuba hanqina albuudichaatiin dhufu
Aayranii(Fe) Tiruu, Killee/hanqaaquu, Foon diimaa, Xaaffii  Heemoogiloobiinniiuumuuf  Hir’ina seelota dhiigaa diimaa (Anaemia) ykn maraamartoo
Kaalsiyamii(Ca) Aanan, Qurxummii, Shalalaa/dhama (Cheese), Hanqaaquu, Kuduraalee  Jabina lafee fi ilkaanii
 Dhiigni akka ittitu/kantarutaassisuu
 Seelota narvii fi maashaa jajjabeessuu  Lallaafuu lafee fi ilkaanii(Rikkeetisii)
 Dhiigni dafee ittitu dadhabuu
Ayoodiinii(I) Qurxummii,Soogidda ayoodiinii qabu  Homisha hormooniitaayirooksiinii  Wucuba (Goiter)
Foosforasii (P) Foon, Annan, Dhama, Tiruu, Buphaa, Midhaan dheedhii  Jabina lafee
 Homisha ATP  Dhibee Rikkeetisii jedhamu/Jabina dhabuu lafee
 Jeeqamuu adeemsa meetaabolizimii
Naayitiroojinii (N) Foon diimaa, Qurxummii, Buphaa, Annan
 Rifeensaa, qeensa, maashaa fi gogaa tolchuu  Miidhaa guddina rifeensaa, qeensa, maashaa fi gogaa irratti dhufu
Filoorinii (F) Qurxummii, Bishaan filooriniin itti naqame
 Ilkaanii fi lafee jajjabeessa  Tortoruu ilkaanii

E. Viitaaminoota (‘Vitamines’)
Kompaawundoota orgaanikii qaamni hamma xiqqoo barbaaduta’anii dalagaalee murteessoo qaama keenyaaf kennu.Faayidaan waliigala isaanii to’annaa wal-nyaatinsa keemikaalaa qaama keessatti gaggeeffamudha.Haa ta’u iyyuu malee nyaata keessaa dhabamuun dhukkuboota hanqina nyaataaf nu saaxila. Viitaaminoonni dalagaa isaanii hojjechuu kan danda’an yoo bulbulaman qofa waan ta’eef viitaaminoonni A, D, E fi K cooma/liippiidiikeessatti kanneen hafan viitaaminC fi viitaaminootni garee B immoobishaan keessatti bulbulamu.
Gabatee 2: Viitaaminota qaamaaf barbaachisan, dalagaa isaanii fi dhukkuba hanqina isaaniitiin dhufan
Akaakuu Viitaaminii Nyaata viitaaminnichaan badhaadhe Faayidaa viitaaminnichaa Dhibee hanqina viitaaminnichaan dhufu
Viitaamin A
(‘Retinol’) Kuduraalee fi fuduraalee, Tiruu, Kalee, Hanqaaquu, Annan, Qurxummii, Kaarootii, Dhadhaa  Dhukkuba jaamina halkanii ittisa.
 Guddinaaf  Jaamina halkanii
 Goggoguu nafaa fi gogaa
Viitaamin B1
(‘Thiamine’) Tiruu, Midhaan dheedhii, Foon diimaa, Baaqelaa, Kuduraalee magariisa, Atarii  Molekiyuloota gargaartoota meetaabolizimii kan fedhii nyaataaf gargaaran homishuu  Dhukkuba Beeri beerii
 Dhibee maashaa, narvii fi onnee
 Fedhii nyaataa dhabuu
Viitaamin B2
(‘Riboflavin’) Foon, Kalee, Buphaa, Dhama, Sunqoo, Baaqelaa, Kuduraalee magariisa Qaamni anniisaa akka argatuuf gargaara.  Guddinni harkifachuu
 dhibee ijaa fi madaa’uu afaanii
Viitaamin B3
(‘Niacin’) Foon, Kalee, Raciitii, Tiruu, Baaqelaa, Buna Molekiyuloota gubama soorataa (NAD & FAD) homishuu  “Pellagra”
 Dhibee sammuu
 Dhibee gogaa foon ilkaanii
Viitaamin B12 Tiruu, Foon, Buphaa, Annan  Seelota dhiiga diimaa tolchuu  Maraamartoo (‘Pernicious anaemia)
Viitaamin C
(‘Ascorbic acid’) Loomii, Burtukaana, Kuduraalee magariisa, Corqaa/mimmixa  Fayyummaa tishuu quunnamsiistuu,dhaaba kaappilaarii fi lafee eeguu  Dhukkuba iskaarvii,
 Rakkoo guddina lafee
Viitaamin D
(‘Calciferol’) Qurxummii (‘oil’), Tiruu, Annan, Hanqaaquu, Ifa aduu  Xuuxamuu kaalsiyamii fi foosforasii gargaara (guddina ilkaanii fi lafeef)  Rikkeetisii, lallaafuu lafee
Viitaamin K
Tiruu, Wiirtuu hanqaaquu, Dhama, Annan, Kuduraalee magariisa  Dhiigni akka dafee ittituu/kantaruuf  Dhiigni dafee ittitu dhabuu
Viitaamin E
(‘Tocopherol’)
Foon, Kuduraalee, Midhaan dheedhii  Rifeensaa, qeensa, maashaa fi gogaa tolchuu  Nama keessatti beekamaa miti
 Maseenuu hantuutaa

F. Bishaan
Qaama lubbu-qabeeyyii keessatti bishaan kompaawundii heddumminaan barbaachisudha. Innis 65-95% ulfaatina qaama lubbu-qabeeyyiidha. Bishaanii atomoota haayidiroojiinii lamaa fi oksiijiinii tokkoorra uumame. Hidhoon haayidiroojiinii fi oksiijiinii gidduutti uumamuu hidhoo koovaaleentiidha. Molekilyuloonni bishaanii bantawaa waan ta’aniif walharkisu. Kanaafuu, hidhoo isaan giddutti uumamuu hidhoo haayidiroojiinii jedhama.

Fakkii : Molekiyulii bishaanii
Shaakala
a. Nama ulfaatina qaamaa 80Kg qabu keessatti hammi bishaanii meeqa ta’a? Maaliif?
b. Ulfaatinni tishuu nama sana immoo meeqa ta’a?
c. Kanaarra ka’uun faayidaa bishaan namaaf kennu akkamiin ibsita?
Gochaa Mana Yaaii: Qor-nyaata geggeessuun qabiyyee nyaataa qoradhaa.
2.2. Sirna Bullaa’insa Soorataa
Caasaaleen bullaa’insa soorataa afaan irraa hanga mun’eetti kan jiran yommuu ta’u akka waliigalaatti bifa ujummowaa kan qabanidha. Kanaafuu, ujummoo bullaa’insa soorataa (‘alimentany canal’) jedhamu.Qaamotni ijoon ujummoo bullaa’insa soorataa afaan, qoonqoo, o’isoofagasii, garaacha, mar’immaan qal’aa fi mar’immaan furdaadha.Caasaaleen akkailkaanii fi arrabni afaan keessaa, xannachootni hancufaa, tiruun, qalqalloon hadhooftuu fi rajiijiin bullaa’insa soorataa keessatti gargaartoota kan ta’an bullaa’insa soorataa keessatti gahee ol’aanaa taphatu.

Fakkii : Caasaalee sirna bullaa’insa soorataa
i. Afaan
Bullaa’insi fiizikaalawaa fi keemikaalawaa kaarboohayidireetii afaan keessatti eegala.Afaan keessatti nyaanni ilkaaniin caccabee gargaarsa arrabaatiin hancufaa wajjin walmaka.Hancufni nyaata laaffisee dhoqoneessuun rakkoo malee akka liqimsamu godha.Inzaayimiin tayaaliinii yookiin amiileesii hancufaa (‘Salivary amylase’) afaan keessatti bakka/xannachoota sadiitiin (‘parotid, sublingual & submaxillay glands’) madda. Inzaayimiin hancufa keessatti argamu (ptyaline/salivary amylase) immoo nyaata istaarchii affeelamaa bulleessuudhaan gara maaltoosiitti jijjiira. PH inzaayimiin kun haala gaariin hojiisaa keessatti hojjetu 7.5-8 waan ta`eef imbaabsawaadha. Nyaanni arrabaan afaan keessatti akka boca kubbaatti (bolus) walitti qabamee liqimsituu keessatti adeemsa peristaalisisiin gadi dhiibamee liqimsama.

ii. Garaacha
Garaacha keessatti nyaanni dhangalaoo dhaaba garaachaa fi HCl wajjin walmaka. Kunis kan milkaau kottoonfachuu fi diriiruu maashaalee garaachaatiin sukkuumamuunidha. Walmakaan adeemsa kanaan uumamu kunis kaayimii(‘chyme’) jedhame waamama.Nyaanni garaacha keessa hanga sa’atii afurii ni tura. Turtii kana keessatti bishaan hammi tokko irraa xuuxama. Bulla’insi soorataa pirootiinii kan eegalu garaacha keessattidha. Seelonni dhaaba garaachaa inzaayimoota peepsiinnii fi reniinii jedhaman maddisiisu.Iddoo kanatti pirootiinii jajjaboon peepsiiniidhaan gara peeptooniitti geeddarama.Pirootiiniin annanii reniiniidhaan gara pirootiinii jajjabaatti jijjiirama.HCln haala garaachaa keessa jiru asiidawaa gochuun hojii peepsiiniidhaaf haala mijjeessa. Jarmoota nyaata waliin garaacha seenanis ni ajjeessa.
iii. Mar’immaan qal’aa
Marimmaan qal’aa kutaalee sadii qaba. Isaanis dodenamii (inchii 9), jejanamii (faana/’feets’ 7) fi ile’amii (faana 15) dha.Dodenamii keessatti kaayimiin dhangal’oo rajiijii, dhangala’oo hadhooftuu fi dhangalaoo mar’immaan qal’aa wajjin walmakee inzaayimootaan bullaa’a.Jejanamii fi ile’amii keessatti nyaanni dhangal’oo mari’mmaan qal’aa wajjin walmakee bulleessuun nyaataa itti fufee xumurama.Mar’immaan qal’aan nyaatni bakka itti bullaaee xumuramuu fi xuuxamu fi kan osoo hin bullaain hafe immoo gara mar’immaan furdaatti darbudha.Bullaa’insa sooratoota gurguddoo haala armaan gadii haa ilaalu.
a) Bullaa’insa kaarboohaayidireetii
Sukkaar-hedduun afaan keessatti utuu gara sukkaar-lameetti hin jijjiiramiin mar’immaan qal’aa bira gahan amiileesii rajiijiitiin (‘Pancreatic amylase’) caccabu. Inzaayimootni biroonmar’immaan qal’aa keessatti qophaa’an kanneen armaan gadii bullaa’insa kaarboohaayidireetota saffisiisu.
Sukiroosii SukireesiiGiluukoosii + Firuuktosii
MaltoosiiMaalteesiiGilukoosii + Gilukoosii
Laaktoosii LaakteesiiGaalaaktoosii + Giluukoosii
b) Bullaa’insa Pirootiinii
Funcaawwan peeptaayidoota adda addaa guutummaan kan daakaman bakka kanattidha. Inzaayimootni bullaa’insa kana saffisiisan irra caalaa rajiijii irraa haa maddan iyyuu malee kanneen akka peeptideesii inzaayimoota membireenota qarqara dhaaba mar’immaanii (brush-border enzymes) irraa maddanidha.Inzaayimootni bakka kanatti pirootiiniin akka daakamuutaassisan tiriipsiinii fi kiimootiriipsiinii yoo ta’an pirootiinonni suuta suutaan caccabuun amiinoo asiidonni uumamu.
c) Bullaa’insa liippiidii
Liippiidiin waan bishaan keessatti hin bulbulamneef hadhooftuunliippiidii cicciruun(‘emulsify’) liippeesiifhaala mijeessa.Dhumarratti monoomerootni akka faatii asiidii fi gilaayiserooliin bullaa’insa liippiidii irraa argamu.
Xuuxama Soorataa
Bullaa’insi soorataa mar’immaan qal’aa keessatti raawwatama. Monoomerootni bullaa’insa soorataa irraa argaman fi bishaan dabalatee ashabooleen adda addaa ujummoo bullaa’insa soorataa gadi lakkisuun ujummoo dhiigaa yookiin ujummoo limfii (‘Lacteals’) seenu. Adeemsi kunxuuxama soorataa (‘absorption of food’) jedhama. Xuuxamni soorataa 90% mar’imaan qal’aa keessatti raawwata. Bishaan garaachaa fi mar’imaan furdaa keessatti ni xuuxama. Dhaabni mar’immaan qal’aa caasaalee qaqal’oo bocan qubaa fakkaatan kanneen viilaayii jedhaman of keessaa qaba. Caasaaleen kunniin kaappilaarota dhiiga fi ujummoo limfiin badhaahoo waan ta’aniif dirra xuuxama sootaa dabalu. Xuuxamni soorataa diffiyyuushinii salphaa, diffiyyuushinii gargaaramaa fi geejjiba si’aataan gaggeeffama.
2.3. Sirna Hargansuu
2.3.1. Caasaalee Hargansuu
Gocha

  1. Kaadhimamtoota barsiisotaa! Hubannoo armaan dura horattan irraa ka’uudhaan
    caasaalee hargansuu ijoo ta’an tarreessa.
  2. Caasaalee armaan olitti tarreessitan dalagaa isaanii himaa.
    Caasaaleen sirna hargansuu ijoon funyaan, laagaa (‘pharynx’), saanduqa sagalee (‘larynx’), ujummoo qilleensaa ykn tiraakiyaa, damee ujummoo qilleensaa ykn bironkasii fi somba. Biroonkasiin somba keessatti gara ujummoolee qaqal’ootti qoodamuun dhuma irratti afuuffeen qilleensaa uumamu. Maashaalee fi lafeewwan cinaachaa akkasumas diyaafiramiin adeemsa hargansuu keessatti gahee guddaa qabu. Hargansuu ilaalchisee caasaalee kunniin dalagaadhaan akka waliigalaatti bakka lamatti qoodamuu danda’u. Tokkoffaan qilleensa alaa fuudhuu fi gara alatti baasuu yammuu ta’u, lammaffaan immoo qilleensa dhiigatti dabarsuu fi dhiiga irraa fuudhuu dha.
    Funyaan rifeensee waan ofkeessaa qabuuf qileensa gara keessaa seenu keessaa paartiikiloota qabuun akka gara keessaa hin seenne hittisa. Laanqessaan gara keessa funyaaniitti argamus wantoota maxxansee qabuun gochaa kana deggara. Funyaan dabalatee ujummoon qilleensaa, qilleensa alaa seenu ho’isuun dabarsu.
    Gocha
    Dhalli namaa qilleensa malee lubbuun turuu kan danda’u yeroo baay’ee xiqqoodhaaf ta’uu ni beekta. Karaa biroo immoo ujummooleen daandii qilleensaa keessatti argaman tishuulee morgaa irraa kan uumamanii fi boca geengowaa kan qabanii dha. Yeroo muraasaaf illee qilleensa malee jiraachun kan hin danda’amne ta’uu ka’umsa godhachuun hariiroo bocaa fi dalagaa ujummooleen (daandiin) qilleensaa qaban ilaalchisee ibsa gabaabaa kenni.

Fakkii : Daandii qilleensaa fi somba
2.3.2. Adeemsa Hargansuu
Yeroo qilleensi ol fudhatamuu fi gara alaatti baafamu caasaaleen hargansuu haala qindoomina qabuun kottoonfachuu fi diriiruun boca isaanii yeroof jijjiranii qabeen ona qomaa akka bal’atuu fi dhiphatu taasisu.
2.3.2.1. Qilleensa ol fudhachuu
Yeroo qilleensa ol fudhatamu:
 Sombi ni bokoka,
 Lafeen cinaachaa ol ka’uun gara alaatti dhiibama,
 Maashaan diyaafiramii ni kottoonfata.
 Ida’ama taateewwan kanneenii irraan kan ka’e qabeen holqa qomaa ni dabala.
 Sababa kanaaf dhiibbaan qilleensa qabee holqa qomaa keessaa waan xiqqaatuuf qilleensi gara keessaa sombaatti yaa’a (Fakkii 18).
2.3.2.2. Qilleensa gara alaatti baasuu
Gochaa
Kaadhimamtootaa barsiisotaa! Taateewwan yeroo qilleensi gara keessaatti fudhatamu raawwatan armaan olitti hubattaniitu. Kana irraa ka’uun fi fakkii 19 dubbisuun taateewwan yeroo qilleensi gara alaatti bahu raawwatan gadi fageenyaan ibsaa. Adeemsa kana keessatti hariiroo dhiibbaa fi qabee gidduu jirus ibsaa.

Fakkii : Qilleensa ol fudhachuu fi gadi baasuu
2.3.2.3. Diffuushinii qilleensaa
Waljijjiirraan qilleensaa somba keessatti afuuffee qilleensaa fi kaappilaarota gidduutti gaggeeffama. Dhiigni onnee irraa dhufu qilleensa alaa ol fudhatamee afuuffee kana keessa gahe caalaa CO2 heddumminaan kan of keessaa qabu yammuu ta’u, haala faallaa ta’een qilleensi afuuffee qilleensaa keessaa immoo dhiiga kaappilaarii keessa jiru caalaa O2 heddumminaan of keessaa qaba. Kanaafuu waljijjiirraan qilleensaa adeemsa diffushiniin raawwata.
Gocha

  1. Diffushiniin garaagarummaa maalii irratti hundaa’ee gaggeeffama?
  2. Diffuushinii qilleensaa afuuffee qilleensaa fi kaappilaarota gidduutti gaggeeffamu
    ilaalchisee jechi waljijjiirraa qilleensaa jedhu maali ibsa?
  3. Dhiiga keessatti O2 maaliin baatamee socho’a? CO2n hoo? Fakkii : Caasaalee hargansuu keessaa Qilleensi alaa yommuu ol seenuu qaawwaa funyaanii seena → Qoonqoo keessa darba → Laarniksii seena → Ujummoo qilleensaa (Tiraakiyaa) seena → Biroonkayii seena → Biroonkiyuloota seena → afuuffee qilleensaa/alvii’oolaayii keessatti gara ujummoo dhiigaatti makama.
    2.3.2. Wantoota ariitii hargansuu irratti dhiibbaa geessisan (‘Factors affecting breathing rate’)
    Sochii qaamaa (‘exercise’)
    Yommuu sochii qaamaa (Ispoortii) hojjennu seelonni qaama keenyaa anniisa hedduu barbaadu, Qaamni keenya anniisaa baay’isee homishuuf oksiijiinii saffisaan fudhachuu qaba. Oksiijinii saffisaan fudhachuuf immoo saffisa hargansuu keenyaa dabaluu qabna. Kanaafuu, yommuu ispoortii hojjennu saffisni hargansuu fi saffisni qaamni keenya gaasota wal-jijjiiru ni dabala.

Dhiphina (‘Anxiety’)
Yennaa dhiphinaa hormoononni () qaama keenya looluu fi dheessuuf waan si’eessaniif saffisni hargansuu ni dabala.
Qorichoota (‘Drugs’)
Qorchoonni adoochitoota jedhamanii kanneen akka barbutireetotaa (Fakkeenya: “morphine’ fi ‘heroin’) ariitii hargansuu kan gadi buusanii yoo ta’u qorchoonni kanneen akka mirqaansitootaa (Fakkeenya: ‘mescaline’) fi kakaastootaa (Fakkeenya: buna, ‘cocaine’) immoo saffisa hargansuu dabaluu keessatti gahee guddaa qabu.
Ol ka’insa lafaa (‘Altitude’)
Ol ka’insi lafaa dhiibbaa saffisa hargansuu irratti qaba. Ol ka’insi lafaa yommuu dabaluu, ruk kinni O2 waan xiqqaata deemuuf namoonni baddaa yookiin bakka lafa ol ka’aa irraa jiraatanii itti baraawwan dagaagfatanii ni qabu. Kanneenis:
 hargansuu gadi fagaataa gochuu fi
 lakkoofsi seelota dhiiga diimaa isaanii daran dabalamaa ta’uudha.
Ulfatina qaamaa (‘Body weight’)
Qaamni ulfaatinni isaa sababa furdachuu fi borciitiin dabalaa deemuu ammas ammas qilleensa fudhachuuf dirqama.
Tamboo xuuxuu (‘Smoking’)
Tamboon aarsamuu biqilaa tamboo irraa argama. Tamboon qaama keenya keessaa haala aaratiin seenuudhaan araada kan nu qabsiisudha. Tamboon ardii kana irratti miidhaa malee faayidaa tokko illee hin qabu. Namni tamboo xuuxuu hundi miidhaa sombaa, onnee fi ujummoolee dhiigaa ofitti fida. Tamboon keemikaalota miidhaa fidan hedduu of keessaa qaba. Isaan keessaa keemikaalota sadii miidhaa fidan kanneen akka nikootiinii, taarii fi kaarboon moonooksaayidii ofkeessaa qaba. Tamboon keemikaala of keessaa qaba. Keemikaalli nikootiinii jedhamu kun biroonkaayii walitti kottoonfachiisee daddarbuu qilleensaa ittisa. Aarri tamboo seelonni daandii qilleensaa furrii baay’inaan akka burqisiisan godha. Furriin kunis daandii qilleensaa keessatti kuufamuudhaan daddarbuu qilleensaa rakkoo keessa galcha.

2.4. Sirna Marsaa Dhiigaa
2.4.1. Ujummoolee Dhiigaa (‘Blood vessels’)
Gosootni ujummoolee dhiigaa saditu jiru. Isaanis ujummoolee dhiiga raabsan (dhiiga-raabsituu), ujummoolee dhiiga deebisan (dhiiga-deebistuu) fi kaappilaarootadha.
A. Ujummoolee dhiiga raabsituu (‘Arteries’)
Ujummooleen dhiigaa kanneen onnee irraa ka’anii gara qaamota adda addatti dhiiga raabsan akka waliigalaatti ujummoolee dhiiga raabsituu (‘artery’) jedhamu. Ujummoo dhiiga raabsituu guddichi a’oortaa yommuu ta’u ventirikilii bitaa irraa dhiiga O2n badhaadhee fuudhee dameewwan isaaf qooduun raabsa. Ujummooleen dhiiga raabsituu dhiibbaa dhahannaa onnee damdammachuuf jecha amala dhifamuu fi jabina kanneen qabaniidha. Ujummoolee dhiiga raabsituu hedduun qaama dhiiga itti raabsaniiirraa maqaa isaanii argatu. Mee fakkeenya tokko himi. Ujummoon dhiiga raabsituu paalmonarii maqaa kana eesssaa argate?
B. Ujummoolee dhiiga deebistuu (‘Veins’)
Ujummooleen kutaalee qaamaa adda addaa irraa dhiiga CO2n itti baay’ate gara onneetti deebisan ujummoolee dhiiga deebistuu (‘vein’) jedhamu. Kallattii faallaa harkisa lafaatti dhiiga waan geejjibaniif dhiigni gara boodaatti akka hin deebineef kan ittiin ittisan huutuu of keessaa qabu. Caasaalee kunniin fageenya murtaa’aa walirraa hiiqanii argamu.
C. Kaappilaarota (‘Cappilaries’)
Ujummoon dhiigaa inni sadaffaan kaappilaarii (‘cappilary’) jedhama. Kaappilaarotni kan argaman ujummoolee dhiiga raabsituu fi deebistuu gidduutti yommuu ta’u baay’ee qaqal’oo fi haphii ta’anii heddummaatanii kanneen mul’ataniidha. Kanaafuu, wantootni adda addaa (O2, CO2, sooratni bullaa’e fi kkf) dhiigaa irraa gara tishuuleetti akkasumas tishuulee irraa gara dhiigaatti seenuu kan danda’an karaa ujummoolee kanneeniidha.
2.4.2. Onnee (‘Heart’)
Onneen wiirtuu sirna marsaa dhiigaadha. Kan argamus qoma keessatti yommuu ta’u fiixeen gara jalaa amma tokko gara bitaatti jal’ataadha. Onneen namaa qaama maashawaa ta’ee fi goloota afur kan qabuu dha. Isaanis oriikilii/atriiyamii bitaa, oriikilii/atriiyamii mirgaa, ventiriikilii bitaa fi ventiriikilii mirgaadha. Atiriiyamotni lamaan gara olitti kan argamanii dhaaba hiphiirra kan ijaaramanii yoo ta’u ventiriikilootni lamaan immoo gara gadiitti kan argamanii dhaaba yabbina qabu irraa ijaaramani. Onneen kutaa bitaa fi mirgaa caasaa septamii jedhamuun qoodamti. Dhiigni goloota bitaa (kan O2n badhaadhee) fi gara mirgaa ( kan CO2n irra caalaa itti baay’ate) walitti hin makamani.
Onneen uutuuwwan armaan gadii qabdi.
a. Huut-lamee/Huutuu baayikaaspaayidii (‘Bicuspid valve’)-atiriyeemii fi ventiriikilii bitaa gidduutti argama.
b. Huu-sadee/Huutuu tiraayikaaspaayidii (‘Tricuspid valve’)- atiriiyamii fi ventiriikilii mirgaa gidduutti argama.
 Huutuwwan kun walitti huutuu atiryoo- ventiriikulaarii jedhamu.
c. Huutuuwwan gamiis-baatii (‘Semi-lunar valves’)- buuura a’oortaa fi pulmonaarii aarteriitti argamu. Dalagaan huutuu, danbaliuu keessatti dhiigni akka gara duubaatti hin deebine ittisu yookiin daangessudha.

Fakkii : Onnee
Gochaa
Karaa mirgaa fi bitaa ala onnee irra caasaaleen jiran kanneen fakkii armaan olii irratti mul’atan qofa? Yoo miti ta’e maali fa’idha? Dalagaan isaanii hoo maali?
2.4.3. Adeemsa Koottoonfannaa Maashaalee Onnee
Onneen namaa si’aa’inaan kottoonfateetu dhiiga raabsa. Onneen qaama ofiin of si’eessuu (‘Self-excitable’) dha. Kun kan eegalu tishuu tuqaa saayino’atiriyaal (‘Sinoatrial node’) jedhamu kan oriikilii mirgaa keessatti argamu keessaatti. Tuqaan kun utuu rifachiisoo biroo hin barbaadin ofii isaan pootenshaalii gochaa uumuun akka daddarbu gochuu danda’a. Kanaafuu akka kakaastuu (fiigsistuu) uumamaatti (‘Pacemaker) hubatama. Gaheen dhaamsa narvawaa sammuu irraa dhufuu fi hormoonota akka adireenaaliinii saffisa dhahannaa onnee to’achuu dha malee onnee kakaasuu miti.
Pirojektii
Raacha tokko utuu hin ajjeesin qoma isaa baqaqsuun of eeggannoon onnee isaa utuu hin miidhin keessaa baasuun gabatee bishaan qabu (‘water trough’) keessa kaa’i. Saa’atii qabachuun sochiin onnee kanaa ammamiif akka itti fufe galmeeffadhu.
Gaaffii

  1. Dhahannaan onnee itti fufe moo akkuma raacha keessaa baheen dhaabbate? Yoo itti
    fufe ta’e yeroo ammamiif itti fufe?
  2. Sochii raacha onneen keessaa bahee moo kan onnee kanaatu dura dhaabbate?
  3. Wanta daawwatte kanneen akkamittiin hubatta?
    Giddu galeessaan onneen daqiiqaa tokko keessatti si`a 72 dhahannaa godha. Yeroo kana keessatti dhiiga gara liitira shan raabsa. Dhahannaan kun sadarkaa sadiitti hubatama.
    i) Siistoolii- kottoonfannaa kutaalee onnee,
    ii) Diiyastoolii –diriirfannaa kutaalee onnee fi
    iii) Diiyastoolii gamtaa’inaa- diriirfannaa atiriiyotaa fi ventiriikilootaadha.
    2.4.2. Gosoota Marsaa Dhiigaa
    Ramaddiin gosoota marsaa dhiigaa dchaa fi qeenxee ta’uu, gara qaama itti yaa’uu fi kkf irratti hundaa’uudhaan qorannoof akka tolutti ta’uu danda’a. Kanneen keessaa ijoon armaan gaditti eeramaniiru. Haa ta’u malee, hundi armaan gadii nama keestti argamu jechaa miti.
  4. Marsaa dhiigaa qeenxee fi dachaa
    Binneeldota akka qurxummii kanneen somba hin qabne keessatti dhiigni onnee (gola lamaa) irraa ujummoo dhiiga deebistuu keessaan gara giilii deemee O2 fudhatee achumaan gara qaamota adda addaa adeema. Diffushiniin CO2 fudhatee immoo karaa ujummoo dhiiga deebistuu onneetti deebi’a. Kun marsaa dhiigaa qeenxee dha. Nama keessatti garuu marsan dhiigaa dacha dha. Sababni isaa dhigni sombaa fi onnee gidduu akkasumas immoo onnee fi kutaalee qaamaa adda addaa giddu waan marsuuf.
  5. Marsaa dhiigaa sombaa (‘pulmonary’) fi sirnaa (‘Systemic’)
    Marsaan dhiigaa onnee fi somba gidduutti gaggeeffamu Marsaa Dhiigaa Sombaa yammuu ta’uu kan onnee fi qaamota adda addaa gidduu immoo Marsaa DhigaaSirnaati.
  6. Marsaa dhiigaa koronarii: Ujummoo dhiiga raabsituu koronariin dhiiga O2n baadhaadh
    hundee awortaa irraa fudhateetu maashaalee onneef raabsa. Ujummoo dhiiga deebistu
    koronariin immoo dhiiga onnee irratti CO2nitti baay’ate fuudhee karaa veena kaavaa
    oriikilii mirgaatti dabarsa.
    Gocha
    Kaadhimamtoota barsiisotaa, gosa marsaa dhiigaa biroo kitaabilee wabii irraa sakatta’uun ibsi
    2.4.3. Dhiiga (Blood)
    Dhiigni tishuu qabsiistuu ta’ee dhangal’oo pilaazmaa, seelotaa fi firaagimentoota dhiigaa of keessatti qabatudha.
    Qabiyyee dhiigaa
    Qabiyyeen dhiigaa dhangala’oo fi jajjaboo jedhamuun bakka lamatti qoodama.
  7. Pilaazmaa (‘Blood plasma’) – Pilaazmaan qabiyyee dhiigaa dhangala’oo ta’ee qabee dhiigaa keessaa 55% kan qabatu yommuu ta’u 90% pilaazmaa immoo bishaanidha. Pilaazmaan pirootiinota, gilukoosii, albuudota, Co2 fi k.k.f. of keessatti baatee socho’a. Wantootni barbaachisoo biroon kanneen akka O2, soorataa fi hormoonotni bakka itti barbaadamanitti kan geejjibaman pilaazmaa keessatti baatamanidha. Xuriiwwan adda addaas gara qaamota usaansaatti kan geejjibaman pilaazmaan baatamaniidha.
  8. Qabiyyee dhiigaa jajjaboo (‘Blood cells’)-qabiyyeen kun seelota dhiigaa adii, seelota dhiigaa diimaa fi pilaatileetii of keessatti hammata.
    Seelota dhiiga adii – Seelonni dhiiga adii guyyoota muraasaa hanga ji’oota/waggoota hedduu jiraatu. Tilmaamaan 7000/mm3 ni ta’u. E’oosinoofiloonni, niyuutiroofiloonni, fi baasoofiloonni dhuka lafee keessatti yommuu uumamanii liimfoosaayitoonni fi monoosaayitoonni immoo dhuka lafee keessatti homishamuun gara noodota dhuhaatti/limfiitti darbu. Seelonni dhiiga adii karaa lamaan nafa irraa dhibbee ittsu. Isaanis adeemsa faagoosaayitoosisii fi farra qaama alagaa uummachuunidha.
    Seelota dhiiga diimaa – Seelonni dhiiga diimaa guyyoota 120 jiraatu. Dhuka lafee diimaa keessatti kan uumaman ta’ee tilmaamaan miiliyoona 5/mm3 kan ta’anidha.
    Pilaatileetotaa – Pilaatileetonni ittituu dhiigaa keessatti gahee olaanaa kan qabanidha.
    Gartuuwwan dhiigaa
    Akkaataa itti dhiigni goseeffamu hedduu dha. Kanneen keessaa baay’ee beekamoon goseessa dhiigaa ABO (‘ABO blood grouping’) fi Rhdha. Adeemsa dhiiga walii dabarsuu keessatti kanneen lamaan dursanii addaan baasuun murteessadha.
    Goseessi dhiigaa ABOn keemikaalli dhaala sanyiitiin murtaa’uu kan antiijinii jedhamu seelii dhiigaa diimaarraa jiraachuu/jiraachuu dhabuu fi akaakuu keemikaala kanaa irratti kan hundaa’uudha. Namootni antiijiinii akaakuu “A”qofa qaban gosa dhiigaa A qabu jedhama. Kanneen antiijiinii “B” qofa qaban immoo gosti dhiigaa isaanii Bdha. Namootni antiijinoota kanneen lamaan wal faana qaban immoo gosti dhiigaa isaanii ABdha. Gosti dhiigaa O jedhamuun beekamu antiijiinii gosa kami iyyuu kan hin qabnedha.
    Keemikaalli farra antiijinoota armaan olii kanneen farra qaama alagaa (‘antibody’) jedhaman immoo pilaazmaa dhiigaa keessatti argamu. Namni gosa dhiigaa A qabu farra antiijinii b qabaata malee farra kan ofii isaa hin qabaatu. Gosti dhiigaa Bn immoo farra antiijinii a qabaata. Dhiigni AB jedhamuun beekamu farra antiijinii kami iyyuu hin qabaatu.
    Gochaa:1. Akka armaan olitti ibsametti namni gosa dhiigaa A qabu tokko farra B waan of keessaa qabuuf nama gosti dhiiga isaatii B ta’e irraa dhiiga fudhachuus ta’ee kennuufii hin danda’u. Kun maaliif sitti fakkaata?
  9. Gosti dhiigaa O farra antiijinii kamii qabaata? Kun dhiibbaa ykn faayidaa maalii qabaata?
  10. Dhiiga Rh+ fi Rh− jechuun maal jechuu dha? Faayidaa isaan walii dabarsuu dhiigaa keessatti qaban maal?
    4.Gabatee armaan gadii guuti
    Garee dhiigaa Qaama alagaa (‘antigen’) seelii dhiiga diimaarra Farra qaama alagaa (‘antibody’) pilaazimaa irraa Garee irraa dhiiga fudhatu
    O
    Hundaaf kennaa a fi b
    AB
    Hundarraa fudhataa A fi B
    B a
    A A

Fakteerii Rh (‘Rhesus factor’) – ilmaan namootaa keessaa 85% seeliin dhiiga diimaa isaanii Rh kan baatu waan ta’eef namootni akkasii kun Rh+ jedhamu. Namoonni 15% ta’anii fakteerii kana kan hin qabne immoo Rh- dha.

Boqonnaa 3
3.1. Pirinsipiloota Ramaddii Lubbu Qabeeyyii
Seensa
Uumamaan addunyaa kana irra orgaanizimoota hedduutu jiraata. Baayooloojistoonni hedduun orgaanizimoota kana addaan baasuuf yaalii taasisaniiru. Sanyiin lubbu qabeeyyii hedduudha. Lubbu qabeeyyiin yeroo kana lafa irra jiran miliyoona 5.3 ta’u jedhamanii tilmaamamu. Kana keessaa miliyoonni 1.7 maqaa saayinsaawaan moggaafamaniiru. Sanyiin bineeldotaa 1,000,000 olitti kan tilmaamamu yemmuu ta’u, kana keessaa harki caalaan ilbiisotadha.
Jijjiiramni suuta suutaa karaa hundaan lubbu qabeeyyii keessatti garaagarummaa uumee jira. Walfakkeenyaa fi garaagarummaan lubbu qabeeyyii yeroo hunda waan mul’atudha.Qo’annaaf akka tolutti beektonni saayinsii Baayooloojii walfakkeenyaa fi garaagarummaa lubbu qabeeyyii hundaa gad fageenyaan qoratanii warra walfakkaatan bakka tokkotti ramadu. Kunis orgaanizimoota caasaan qaama isaanii walfakkaatu, amaloota karaa addaa addaan walitti isaan dhiyeessu xiinxaluun bakka tokkotti ramadu. Ramaddiin akkasii kun ramaddii lubbu qabeeyyii jedhama.
Dameen Baayooloojii waa’ee addaan baasuu (identification) fi ramaddii lubbu qabeeyyii qo’atu taaksoonoomii jedhama. Saayintistiin ogummaa taaksoonoomii qabu taaksoonoomistii jedhama. Taaksoonoomiin jechoota Giriiki lama irraa dhufe. Isaanis: taaksii fi Noomii dha. Taaksii: Tartiibessuu ykn tarreessuu, Noomii: Seera jechuudha. Walumaa galatti taaksoonoomii jechuun seera tartiibessuu jechuudha.
Taaksoonoomiin dalaga lama qaba. Isaanis:

  1. Orgaanizimoota hubachuu fi gad fageenyyan bu’uura isaanii irratti ibsa guutummaan
    kennuu fi
  2. Orgaanizimoota ramaduu dha.
    Gaaffii
    Lubbu qabeeyyii walfakkeenyaa fi garaagarummaa isaanii irratti hundaa’uun maaliif barbaachisa jettanii yaaddu?. Irratti mari’achuun dareef ibsaa.

Kaayyoo
Boqonnaa kana erga xumuranii booda kaadhimamtoonni barsiisotaa:
 Barbaachisummaa ramaddii lubbuqabeeyyii ni hubatu
 Mootummaa Moneeraa, Pirotiistaa, Fangayii ibsuun fakkeenya ni kennu
 Mootummaa biqilootaa ni qayyabatu
 Gita mootummaa biqilootaa gurguddoo adda baasuun fakkeenya isaanii waliin ni ibsu
 Mootummaa bineeldotaa ni qayyabatu
 Mootummaa bineeldotaa lafee qabeeyyii fi lafee dhabeeyyii gargar ni qoodu.
 Sirna qoodinsa mootummaa shanii ni ibsu.
 Tokkoo tokkoo mootummaa shananii kan akka Moneera, pirootistaa, fangaayii, biqilootaa fi bineeldotaa faakkeenya isaanii waliin ibsu
 Murna mootummaa biqilootaa gurguddoo ni tarreessu
 Murna mootummaa biqiloota gurguddoo ni ibsu
 Murna bineeldotaa lafee dhabeeyyii fi lafee qabeeyyiitti adda ni qoodu.
 Bineeldota lafe qabeeyyii gita shanitti ni qoodu
 Fakkeenya bineeldota lafee qabeeyyii gita shananii ni tarreessu
3.2. Barbaachisummaa Ramaddii
Beekumsi ramaddii ogummaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef qorannoo fi qo’annoo garaagaraaf bu’aa guddaa qaba.Bu’aan kunis:

  1. Orgaanizimoota walfakkaatan bakka tokkotti gurmeessuun waa’ee isaanii gad
    fageenyaan qorachuuf.
  2. Maqaan orgaanizimoota naannoo tokkoo naannoo birootti waan hin hojjenneef maaqaa
    orgaanizimootaa saayintistoonni addunyaa itti walii galan uumuuf
  3. Qo’annoo orgaanizimootaa salphisuuf
    Bu’uurri ramaddii orgaanizimootaa walitti dhufeenya isaan gidduu jiruu irratti hundaa’a. Innis akaakilee isaan irraa dhufanii fi jijjiirama suuta suutaan kan mul’atudha.
    Fakkeenyaaf:
    A. Poopuleeshinii (Uummata): Garee orgaanizimoota sanyii tokkoo ta’anii yeroo murtaa’aa
    fi bakka murtaa’aa ta’e tokko keessa jiraatanidha. Poopuleeshiniin
    uumamaan kan wal horuu danda’anidha.
    B. Sanyii: Orgaanizimoota uumamaan walhoruu danda’ani dha. Sanyiin bu’uura ramaddiiti.
    3.3. Seenaa Ramaddii Lubbu qabeeyyii
    Gaaffii
    Kaadhimamtoota barsiisotaa: Seenaa ramaddii lubbu qabeeyyii keessatti saayintistoota ga’ee guddaa taphatan maqaa isaanii tarreessuudhaan gahee tokkoo tokkoo isaanii dareef ibsaa?.
    Mata duree kana jalatti bu’aa hirmaannaa Baayooloojistoonni ramaddii lubbu qabeeyyii keessatti raawwatanitu dhiyaata.
  4. Aristootili (384 – 322):
    Dhaloota kirstoosiin dura Filosooferii fi Baayooloojistii Giriiki kan turedha. Nama yeroo jalqabaaf ramaddii orgaanizimootaa eegale dha. Aristootili adeemsa ramaddii isaa keessatti orgaanizimoota iddoo lamatti qoodeera. Isaanis, Mootummaa bineeldotaa fi mootummaa biqilootaati. Biqiloota akkaataa dheerina isaaniitiin heerbiis, shiraabsii, fi mukkeen jechuun ramadeera. Bineeldota immoo akkaataa bidoollee isaniitiin bineeldota lafaa, bishaanii fi qilleensa keessa jiraatan jechuun ramadeera.
  5. Kaarloos Liinasii (1707 – 1778):
     Nama dhaloota Siwudishi.
     Qo’ataa biqilootaa ykn Botanistii dha.
     Nama yeroo jalqabaaf orgaanizimoota akkaataa walfakkaatinaa fi garaagarummaa isaaniitiin ramade dha. Innis: Mootummaa, Murna, Gita, Orderii, Warra, Qaccee fi Sanyii jechuudhaani dha. Mootummaa Murna Gita Oorderii Warra Qaccee Sanyii

Fakkii 3.1: Sadarkaalee ramaddii gurmuu orgaanizimootaa

 Liinas, waa’ee sirna ramaddii yaada bu’uuraa waan ibseef abbaa sirna ramaddii jedhamuun beekama. Maqaa saayinsaawaa qopheessuun Laatiniin ykn Girikiin maqaa orgaanizimootaa moggaaseera.
 Liinas moggaasa maqaa keessatti jechoota lamaan gargaarameera. Isaanis, maqaa qaccee (Genetic name) fi maqaa sanyii (Specific name) dha. Adeemsi moggaasa maqaa lamee Liinas kun “Binomial system of Nomenclature” jedhama.
 Moggaasni maqaa lamee Liinasii adeemsa moggaasa walxaxaa jaarraa 18ffaa dura ture salphiseera.

  1. Roberti H. Whittakar: Saayintistii lammii biyya Amerikaa bara 1969 lubbu qabeeyyii hunda mootummaa shanitti ramade dha. Bu’uurri ramaddii kanaa yaada waa’ee walxaxinsa caasaa seelii fi haala seelonni nyaata isaanii argachuu danda’an irratti hundaa’uudhaani.
    Mootummaan shanan kunis:
     Mootummaa Moneeraa
     Mootummaa Pirotiistaa
     Mootummaa Fangaayotaa
     Mootummaa Biqilootaa fi
     Mootummaa Bineeldotaa ti.
    3.4. Moggaasa maqaa saayinsaawaa lubbu qabeeyyii
    Lubbu qabeeyyiin lafa kana irra jiran, afaan adda addaatiin maqaa garaa garaa qabu. Fakkeenyaaf Jeedala diimaa, afaan Oromootiin Jeedala diimaa jedhama, afaan Amaaraatiin keyi qeberoo jedhama, afaan Tigireetiin immoo keyih wukari’a jedhama. Kanaafuu, rakkoo kana hambisuuf jecha lubbu qabeeyyii maqaa saayinsaawaa wal fakkaatu tokkoon moggaasuun murteessaadha. Maqaan saayinsaawaa kun immoo maqaa lama of keessaa qaba. Isa anis: Maqaa qaccee fi maqaa sanyiidha.
    Seerota maqaa saayinsaawaa barreessuuf gargaaran
  2. Maqaan inni jalqabaa maqaa qaccee orgaanizimiin sun keessatti argamu ta’uu qaba.
    Maqaan qaccee kun qubeen inni jalqabaa qubee guddaan barreeffamuu qaba.
  3. Maqaan inni lammaffaan immoo maqaa sanyii orgaanisimiin sun keessatti argamudha.
    Qubeen jalqabaa maqaa sanyii qubee xiqqaan barreeffamuu qaba.
  4. Maqaan lamaanuu jala sararamuu qaba. Kan piriintii goonu yoo ta’e immoo itaalikii
    ta’uu qaba.
    Gabatee 1: Fakkeenya maqaa saayinsaawaa orgaanizimoota tokko tokkoo
    Maqaa beekamaa Maqaa saayinsaawaa
    Nama Homoo saappiyaanii (Homo sapiens)
    Saree Kanis familaarisii (Canis familiaris)
    Titiisa Muskaa domestikaa (Musca domestica)
    Adurree manaa Filiis domestikasi (Felis domesticus)
    Boqqolloo Zii meyisii (Zea mays)
    Baaqelaa Fosi’olasii vulgaarisii (Phoseolus vulgaris)
    Leenca Paanteraa li’oo (Panthera leo)

Lubbu qabeeyyiin sababoota armaan gadiif ramadamuu fi maqaa saayinsaawaa argachuu qabu
 Maqaa sadarkaa addunyaatii fudhatama qabu uumuuf
 Rakkoo garaagarummaa maqaa afaan garaagaraatiin orgaanizimiin tokko qabu hambisuuf
 Ramaddii fi qo’annoo lubbu qabeeyyii salphisuuf
3.5.Tooftaalee Ramaddii (Classification scheme)
A. Tooftaa tokkoffaa: Sirna ramaddii mootummaa lamaa
I. Mootummaa Biqilootaa:
 Biqiloota hundaa of jalatti hammata
II. Mootummaa Bineeldotaa:
 Bineensota hunda of jalatti hammata
B. Tooftaa lammaffaa: Sirna ramaddii mootummaa sadii
I. Mootummaa Pirotistaa
 Baakteriyaa, Saphaphuu, Fangaayotaa fi Pirotoozo’oota.
II. Mootummaa Biqilootaa:
 Biqiloota kanneen tiishuu qaban. Fkn; Biraayoofaayitaa fi Tiraakoofaayitaa
III. Mootummaa Bineeldotaa:
 Bineensota kanneen guddina sadarkaa tiishuu fi isaa ol qaban, ispoonjota irraa hanga kordaataatti jirani dha
C. Tooftaa sadaffaa: Sirna ramaddii mootummaa afurii
I. Mootummaa Moneerraa
 Baakteeriyaa fi Saphaaphuu cuqul magariisa hammata
II. Mootummaa Pirootistaa
 Fangaayii, Pirotoozo’aa fi Saphaphuu niwukilasii dhugaa qaban hammata
III. Mootummaa Biqilootaa
 Biqiloota tiishuu qaban hunda hammata.
IV. Mootummaa Bineeldotaa
 Bineensotaa tiishuu qaban hunda of keessatti hammata.
D. Tooftaa arfaffaa : Sirna ramaddii mootummaa shanii
I. Mootummaa Moneeraa
 Pirokaariyoota seel qeenxee.
Fkn: Baakteeriyaa fi Saphaaphuu cuqulmagariisa
II. Mootummaa Pirotistaa
 Orgaanizimoota seel qeenxee fi iyukaariyootii ta’an of jalatti hammata
Fkn: Pirotozo’aa, Iyuguliinaa fi Saphaphuu
III. Mootummaa Fangaayii
 Hundinuu iyukaariyoota seelii hedduudha.
Fkn: Arrii buddeenaa, dhuufuu jaarsaa fi raacatii
IV. Mootummaa Biqilootaa
 Biqiloota seel baayyee iyukariyoota ta’an hunda hammata
Fkn: Moosii, Biqiloota daraaraa fi kkf
V. Mootummaa Bineeldotaa
 Bineensota seel baayyee iyukariyoota ta’an hunda hammata.
Gaaffii: Fakkeenya bineensota mootummaa kana keessa jiran kennaa
Yeroo ammaa kana sirni ramaddii mootummaa shanii kun Baayoloojistoota addunyaa biratti fudhatama ol aanaa waan qabuuf gad fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.
3.6. Sirna Rammaddii Mootummaa Shanii
Baayooloojistoonni hedduun sirna ramaddii mootummaa shanii irratti waliigalu. Haata’u malee vaayirasiin sirna ramaddii kamittiyu hin ramadamne. Sababiin isaa vaayirasoonni amalaa lubbu qabeeyyii hunda waan hin qabaneef.
I. Mootummaa moneeraa
Mootummaan moneeraa:
 Baakteeriyaa hundaa fi saphaphuu cuqul magariisa hammata.
 Miseensonni mootummaa kanaa hundi isaanii seel qeenxeedha.
 “DNA” n isaanii memberenii niwukilasiin kan aguugame miti. Kanaafuu, pirokaaryotoota jedhamu.
 Yeroo tokko tokko tuta uumuun waliin jiraatu
 Hundi isaanii ija qullaan hin mul’atan.
 Iddoo lamatti ciccituun wal horu.
 Muraasni isaanii adeemsa fotoosentesisiitiin soorata isaanii ni qopheeffatu. Fakeenyaaf, saphaaphuu cuqul magariisa
 Baay’een isaanii immoo hetirootiroofota. Kana jechuun, soorata isaanii argachuuf orgaanizimoota biro irratti hundaa’u.
II. Mootummaa Pirotistaa
 Pirotistoonni orgaanizimoota seel-qeenxee iji qullaan hin mul’annedha.
 Niwukilasii qabu
 Seelii iyukaariyootii qabu
 Bocini isaanii wal xaxxaadha
 Orgaanizimoota biqiltuu fakkaatan, garuu kan iddoo irraa gara iddootti socho’uu hammatu
 Orgaanizimoota bineeldota fakkaatan, garuu kan iddo irraa gara iddootti hin sochone hammatu
 Hedduun pilankitenoota galaana keessaa pirotistoota, kanaafuu hundee soorataa orgaanizimoota galaana keessaa uumu
 Pirotistoonni muraasni dhukkuba namatti fidu
 Fakkeenya pirotistoota dhukkuba namatti fidan: Pilasmodiyem falsiparamii, Intameebaa hitolitikaa
III. Mootummaa fangaayii
Orgaanizimoonni kun boca isaanii irratti hundaa’anii garaagarummaa guddaa agrsiisu. Seel-qeenxee kan ta’an kan akka raacatii kaasee hanga orgaanizimoota seel-hedduu ta’an kan akka dhuufuu jaarsaa fi commee as jalatti argamu. Fangaayoonni burkuteessitoota jedhamuun beekamu. Dabalataanis, fangaayonni amaloota armaan gadii qabu.
 Caasaan seelii isaanii iyukaariyootiidha
 Haallii itti nyaata argatan xuuxuun yoo ta’u, kunis kan gaggeeffamu kompaawundii orgaanikaa naannoo isaanitti argamu irratti hundaa’uun
 Fangaayonni nyaata argachuuf orgaanizimoota jira ykn du’aa naannoo isaanii irratti hundaa’u.
 Fangaayonni nyaata isaanii argachuuf du’aa biqilootaa ykn bineeldotaa noaannoo isaanii irratti hundaa’an sappiroofaayitoota jedhamu.
 Fangaayonni jiraachuuf ykn nyaata argachuuf orgaanizimii lubbuu qabu barbaadan maxxantoota jedhamu
 Cichaan seelii fangasootaa kan tolfame kompaawundii kaayitiin jedhamu irraati. Muraasni isaanii garuu cichaa seelii seeluloosii irraa tolfame qabu. Fakkeenyaaf: Uumayiseetota.
 Caasaan qaama fangaayotaa filaamentiidha. Filaamentiin tokko hayifee yemmuu jedhamu, hayifoonni hedduun immoo maayisiiliyeemii jedhamu.
 Fangaayonni amaaloota adda addaatiin walhoruu danda’u. Fakkeenya: Ciccituun, kichuu buusuun, ispoorii garaagaraa omishuunii fi kkf.
IV. Mootummaa Biqilootaa
Mootummaan biqilootaa, orgaanizimoota garaa garaa kanneen akka moosesii irraa eegalee hanga mukoota gurguddoo kan jiran hammatudha. Hanga har’atti Botanistoonni, sanyii biqilootaa naannoo 300,000 ta’an adda baasaniiru. kana keessaa 80% ol kan ta’an biqiloota daraaraadha.
Biqiloonni hundaa amaloota ijoo armaan gadii qabu.
 Seelii iyukaaryootii qabu
 Orgaanizimoota seel-hedduudha
 Pigimentii kiloroofilii ni qabu, kanaafuu fotosentesisii ni gaggeessu
 Irra caalaan isaanii lafa irra jiraatu
 Baay’een isaanii kutiikilii waksii waan qabaniif qaamni isaanii salphaatti hin gogu.
Mootummaan biqilootaa, biqiloota daraaraa qabeeyyii fi daraaraa maleeyyii hammata. Mootummaan kun murna garaa garaa qaba. Kanneen keessaa murni baay’ee barbaachisoo ta’an akka armaan gaditi tarreeffamaniru. Isaanis:
 Murna Biryoofaayitaa: kun liver wortii fi moosisii hammata
 Murna Teridoofaayitaa (Filisinoofaayitaa): kun farnoota hammata
 Murna Jayminospermii (Koniferoofaayitaa): kun koniiferoota hammata.
 Murna Anjiyospermii (Anjospermofayitaa): kun biqiloota daraaraa dhugaa hammata.
Murna Birayoofaayitaa (Moosisii fi Liiver wortii)
Biraayoofaayitoonni biqiloota lafa irra jiraatan keessaa hammaan baay’ee xixiqqoodha. Sirna hiddaa, jirmaa fi baalaa dhugaa hin qaban. kanaafuu, bishaan biyyee jalee hin ofitti hin xuuxan, akkasumas lafa sirriitti hin qabatan. Sirna tiishuu vasikulaarii hin qaban (Zaayilemii fi fooyileemii hin qaban). Kanaafuu, Bishaanis ta’e nyaata qaama isaanii keessa geejjiibuu hin danda’an. Sanyii isaanii keessaa inni dheeraan 60 cm gadi dheerata. Jireenyaaf bakka gaaddisa qabuu fi jiidhinsa qabu filatu.
Murna Teridoofaayitaa
Teridoofaayitoonni hedduun isaanii tiishuu vasikulaarii (zaayileemii fi fooyileemii) ni qabu. Qaamni biqiloota kanaa hidda, jirmaa fi baalatti adda bahee jira. Hiddi biqiloota teridoofaayitootaa caasaa dalga biyyee jala guddatu “rhizomes” kan jedhamu qabu. Biqiloonni kunis lafa jiidhinsaa fi gaaddisa qabu jiraachuu filatu.
Murni biqiloota jayiminoospermii fi anjiyospermii biqiloota sanyii qaban ykn ispermatoofaayitaa jedhamanii beekamu. Biqiloonni kun lafa irra jiraachuuf kan bay’ee milkaa’anidha. Sababiin milkaa’ina isaaniis kanneen armaan gadiiti.
 Hidda, jirma fi baala sirriitti dagaage qabu
 Tiishuu vasikulaarii (Zaayileemii fi fooyileemii) sirriitti dagaage qabu
 Gaametiin kormaa polen gireenii keessatti, gaametiin dhalaa immoo korojoo miciree keessatti haguugamee waan argamuuf
 Wal hormaata saleessaa keessatti bu’aan fertilaayizeeshinii sanyii firiin aguugame ykn hi aguugamne dha.
Murna Jayminoospermii
Jayminospermoonni yeroo baay’ee koniiferoota ykn biqiloota sanyii aguuggii malee (naked seed) jedhamanii beekamu. Naannoo addunyaa maraa irratti ni biqilu. Bosonni addunya kana irra jiran keessaa harki tokko sadeffaa (1/3) isaanii koniiferoota.
Jayminoospermoonni amaloota ijoo ta’an kanneen armaan gadii qabu.
 Sanyiin isaanii firiin hin aguugamu
 Baala xixiqqoo lilmoo fakkaattu qabu.
 Halluu magariisa waan qabaniif waggaa guutuu adeemsa fotosintesisiitiin soorata mataa isaanii ni qopheeffatu
 Caasaan wal hormaata isaanii koonii (cone) keessatti argama.
 Koniiferoonni koonii gosa lama qabu. Isaanis, koonii kormmaa kan polen gireenota hedduu uumuu fi koonii dhalaadha.
Murna Anjiyospermii
Anjiyospermoonni biqiloota daraaraa hammatu. Biqiloonni daraaraa lafa kana irratti garee baay’ee guddaadha. Caasaan wal hormaata isaanii daraaraa isaanii keessatti argama.
Amaloonni ijoo biqiloota daraaraa kanneen armaan gadiiti. Isaanis:
 Daraaraan akka qaama wal hormaataatti isaan gargaara.
 Sanyiin isaanii firiin aguugamee argama.
 Tiishuu vasikulaarii (zaayilemii fi fooyilemii) sirriitti dagaage qabu.
V. Mootummaa Bineeldotaa
Bineeldonni hundi isaanii seelii hedduu irraa ijaaraman. Baay’een isaanii bakka irraa bakkatti socho’uu danda’u. Seeliin bineeldotaa halluu magariisa waan hin qabneef nyaata isaanii qopheeffachuu hin danda’an. Kanaafuu, hrtirootiroofikii jedhamu. Seeliin isaanii cichaa seelii hin qabu. Sirna narvii ni qabu. Bineeldonni murna (phyla) 33 qabu. Haata’u malee, kanneen keessaa kan gurguddoo ta’an qofa ilaalla.
 Murna poriiferaa (Fakkeenya: Ispoonjota)
 Murna seelentirata (Fakkeeny: nidaariyaa)
 Murna pilaatiihelementoota (Fakkeenya: Raammoo battee)
 Murna nemaatoodaa (Fakkeenya: Raammoo ulee)
 Murna Analiidaa (Fakkeenya: Raammoo sararaa)
 Murna Muluskaa (Fakkeenya: Bineeldota qaama lallaafoo, kan akka cilalluu)
 Murna Ikinoodarmaataa ( Fakkeenya: Bineeldota gogaa qoraattii)
 Murna Artiroopoodaa (Fakkeenya: Bineeldota miila walqabataa)
 Murna Kordaataa (Fakkeenya: Bineeldota Notokoordii qaban)
Murna armaan olitti tarreeffaman keessaa tokkoo hanga saddeetii kan jiran orgaanizimoota lafee dhabeeyyiidha. Murni kordaataa immoo lafee qabeeyyii hammata.
Murna koordaataa
Jechi kordaataa jedhu jecha notookoordii jedhu irraa dhufe. Notookordiin caasaa dadacha’uu danda’uu fi kan morgaa irraa hojjetamedha. Dabalataanis. karaa duuba (dorsal) bineeldotaa kan gad bu’u fi qaama bineeldotaa utubudha.
Bineeldonni murna kordaataa jalatti ramadaman hundi amaloota armaan gadii waliin qabu.
 Marsaa jireenya isaanii kessatti sadarkaa ta’e tokko irratti notookoordii ni qabu
 Narvi koordii qaawwa ta’e ni qabu. Kun notookoordii olitti argama
 Sadarkaa dagaagina isaanii jalqabaa irratti giili siltii qabu, kun booda irratti garuu gara
sombaa fi giilii tti jijjiirama.
Vertebiratoota
Vertebiratoonni lafee wiirtuu dugdaa qabu. Dabalataanis amaloota armaan gadii qabu.
 Iskeleetanii keessoo (endoskeleton) kan lafee ykn morgaa irraa hojjetame qabu
 Sirna marsaa dhiigaa cufaa fi ujummoo dhiigaa qabu.
 Sirna narvii dagaage qabu
 Liimbii (extremes) cimdii lama qabu
 Qaama usaansaa kale qabu
Murni kordaataa, gita (class) shan qaba. Isa anis:
 Gita Qurxummiilee
 Gita Amfiibiyaanotaa
 Gita repitaayilootaa
 Gita Allaattiwanii
 Gita Hoosiftootaa
Gita Qurxummiilee: Qurxummiilee hunda hammata.
Qurxummiileen maadikiperiifi laangifishii irraa kanafe hundinuu bishaan keessa jiraatu. Caasaa qaamaa bishaan keessaa daakuuf isaan gargaaru qabu. Sirna hargansuu isaaniitiif giilii fayyadamu. Qurxummiileen hedduu irra keessaan (duuba) gurraacha yoo ta’an garaa jalaan immoo adiidha. Qurxummiileen ektootermoota. Kana jechuun, tempireechera qaama isaanii eeguudhaaf ho’a naannoo isaanii irratti hundaa’u.
Gita Amfiibiyaanotaa:
Gitin kun amfiibiyaanota kanneen akka fattee hammata. Jechi amfiibiyaa jedhamu jechoota Giriiki lama irraa dhufe. Isaanis: “Amfii”, jechuun hunda, akkasumas “baayosii” jechuun immoo lubbuu jechuudha. Kanaafuu amfiibiyaanonni gartokkee jireenya isaanii sadarkaa laarvaa ykn toodipoolii irratti bishaan keessatti dabarsu. Karaa biraa immoo sadarkaa ga’eessaa irratti lafa irra jiraatu. Amfibiyaanonni lafee qabeeyyii yeroo jalqabaaf lafa irra jiraachuu jalqabanidha. Somba salphaa korojo fakkaatu, qaama lallaafaa fi gogaa jiidhaa kan hargansuuf isaan gargaaru qabu. Giiliin sadarkaa laarvaa irratti qofa jiru hargansuuf gargaara. Adeemsi fertilaayizeeshinii alaa (external fertilization) bishaan keessatti raawwata. Amfiibiaanonni ektootermoota.
Gita Repitaayilootaa:
Repitaayiloonni irra caalaan lafaa irra jiraatu. Waggoota miiliyoonota hedduuf garee lafa kana irraa ol aantummaan jiraataa turanidha. Gogaan isaanii gogaadha (dry) akkasumas iskeelii of iraa qaba. Sombatti gargaramuun sirna hargansuu isaanii gaggeessu. Fertilaazeeshinii keessaa (internal fertilization) gaggeessuun anqaaquu (puphaa) sheelii qabu lafa irratti buusu. Repitayiloonni sadarkaa dagaagina miciree isaanii irratti giili siltii qabu, Gurra alaa hin qaban. Repitaayiloonni ektootermoota.
Fakkeenya: Bofa, Naacha, lootuu fi kkf
Gita Allaattiwanii
Gitini kun sinbirroota hammata. Sinbirroonni qaama isaanii hedduu irrati baallee (feathers), miila isaanii irratti immoo iskeelii (scales) qabu. Koochoo ittiin balali’anis ni qabu. Mangaagaan isaanii ilkaan hin qabu garuu biikii caasaa gaafa fakkaatuun aguugame ni qabu. Sinbirroonn puphaa sirriitti dagaage fi sheelii jabaataan haguugame buusuun walhoru. Sirna lafee (iskeleetenii) salphaa waan qabaniif ulfaatina qaamaa salphaa qabu. Kanaafuu samii irra balali’uu ni danda’u. Sinbirroonni indootermoota. Kana jechuun tempireechera qaama isaanii eeguuf, adeemsa gubama soorataatiin anniisa qaama isaanii keessaa bahutti faffadamu.
Gita Hoosfitootaa
Hoosfitoonni bineeldota keessaa baay’ee beekamoodha. Hoosfitoonni korodaatota biro irraa amaloota hudduun addaa addummaa agarsiisu. Hoosfitoonni dhugaan xannacha aannanii (mammary gland) waan qabaniif dhala isaaniitiif aannan ni omishu. Akkasumas, ho’a qaama keessaa ol aanaa ni qabu, ho,a qaama isaanii kanas to’achuu ni danda’u. Xannachoonni dafqaa adeemsa ho’a qaama isaanii to’achuu keessatti gahee ni qaba. Hoosftoonni gogaa isaanii fi gurra alaa isaanii irratti rifeensa ni qabu. Hoosftoonni hedduun fertilaayizeeshinii keessoo gaggeessuun micireen uumame gadameessa keessatti erga dagaagee booda dhalata. Hoosftoota lafa kana irra jiratan keessaa, hoosftoonni qaamaan hamma xiqqaa ta’an shiriwu (Shrew) jedhamuun yemmuu beekamu, inni guddaan immoo arba (elephant). Fakkeenya hoosfitootaa keesaa dhalli namaa tokkodha.
Gita xiqqaa hoosfitootaa
Hoosftoonni akkaataa itti dhala isaanii argatan (dhalan) irratti hundaa’uun gita xiqqaa lama qoodamu. Isaanis:
i)Gita xiqaa Pirotooteeriyaa
Monootermaatota:
Kun hoosfitoota buphaa (anqaaquu) buusanidha.
Fakkeenya: Daak-biildi pilaatipasii (duck-billed platypus)
ii) Gita xiqaa Teeriyaa
a.Gita irra xiqqaa Meetaateeriyaa
Marsuupiyaalota (Marsupials):
Kanneen dhala hin dagaagiin dhalanidha. Isaan kun dhala hin dagaagiin erga dhalanii
booda korojoo garaa isaanii jala jiru keessaa kaawwachuun aannan hoosisu.
Fakkeenya: Kangaarroo, Ko’aalaa biirii (koala bear), opoosumii (opossum)
b. Gita irra xiqqaa Iyuuteeriyaa
Hoosfitoota ol-aanaa (higher mammals):
Dhala gadameessa keessatti guutumman dagaage dhaluun harma hoosisuun guddisu.
Fakkeenya: Antuuta, Jaldeessa, Loon, Arba, Adurree, Namaa fi kkf.

BOQQONNAA AFUR
CAASAALEE ATOOMAWAA
4.1. Maatarii
Wantoota uumama keessatti argaman bakka lamatti qoodamu ni danda’u. Isaanis:
Maatarii fi Miti-maatarii dha.
Maatariin: Wantoota uumamaan argaman qabee fi hanga qabani dha.
Maateriin qabee fi hangaan ibsama. Wantootni nannoo keenyatti argaman hunduu maateriidha.
Miti-maateriin: qama uumama ta’e kan qabee fi hanga hin qabnee dha.
Fkn: Ifa, ho’aa, sagalee, diree elektirikaa, diree maagineeti, yaada, abdii jaalalaa, kkf.
4.1.1. Qoodama Maaterii
Maatariin gareewwaan gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis
Wantoota qulqulluu fi
Makoota
4.1.1.1. Wantoota qulqulluu
Wantoota qulqulluu gosa maatarii kan ruqoolee walfakkaatan of keessaa qabu fi kan haala fiizikaalaatin ykn adeemsa fiizikaalaatiin addaan hin baane dha.
Gaaffii: Fakkenya wantoota qulqulluu shan tarreessi.
Wantootni qulqulluun qabiyyeen isaani gosa tokko kan ta’ee dha.
Wantootni qulqullun amaloota fi qabiyyee dhaabbataa qabu.
Wantootni qulqullun kunis bakka lamatti qoodamuu ni danda’u. Isaanis
Elementoota fi
Kompaawundoota
Elementoota
Elementiin gosa maaterii keessa tokko ta’anii kan atoomota lakkofsa atoomawaa walfakkaatu qaban irraa ijaarame dha. Hiikni ammayyaa elementiif kenname kun haala dhibsiisaa hiika duraan elementootaaf kennamee ture isaa elementii fi makaan qoodama maaterii inni tokko isa tokko kan hin hammane fakkeessee dhiyaataa ture salphiseera. Iddatoon elementii qulqulluu ayisootoppota hedduu of keessaa qabu sirriin yoo xinxalamu makaadha. Ayisootopotni kun adeemsa fiizikaalaan addaan ba’u.
Fakkeenyaaf meeshaan maas-ispeektiroomeetrii jedhamu ayisootopota elementii tokko addaan baasuuf gargaara. Yuuraaniyeem- 235 (U-235) yuuraaniyeem – 238 (U – 238) irraa meeshaa kannaan adda baha sababisaas U-235 fi U-238 saffisa garaa garaan wan deemaniif. Keemikaalota bifa adda addaa kanneen elementii tokko irraa tolfaman akka elementiitti fudhachuun rakkoo hin uumu. Fakkeenyaaf oksijiiniin naannoo atimoosferii adda addaa keessatti akka O, O2 fi O3 tiin argama Isaan kun sadan amala keemikaalaa garaa garaa fi foormulaa keemikaalaa adda addaa qabu, garu hundisaani iddattoo elementii oksijiiniti.
Komppaawundota
Kompaawundiin wanta qulqulluu yoo atoomotni elementoota garaa garaa lamaafi isaa ol ta’an reeshoo (qooda) dhaabbataa ta’een walnyaatinsaa keemikaalaa gaggeesaan kan uumamu dha. Kompaawundotni amala fiizikaallaa fi amala keemikaalaa mataa isaanii qabu.
Amalootni kunis kompaawundiin tokko isaa biro irraa addaa baasuuf nama gargaaru Amalli kompaawundii tokko amaloota ruqoolee irraa tolfamerraa guutumaa guutuutti irraa adda fakkeenyaaf, bishaan kompaawund atoomota haaydiroojiinii lama fi oksijiinii tokko irraa uumame, amalootni bishaani kanneen akka rukkinaa, faalkaalee fiizikaalaa, dhandhama fi kkf amaloota haaydiroojiinii fi oksijiinii irraa guutammaa guutuutti adda. Haala beekamaa keessatti kompaawundiin sukaawaa fi adeemsaa mekaanikaalaa salphaan ruqoolee isaatti kan adda hin baneedha. Haata’u malee adeemsa yaalii mijaa’a ta’een kompaawundiin wantoota lamaa fi isaa olitti diigamuu ni danda’a.
Fakkeenyaf: Ashaboon nyaata adeemsa elektirooliisisiin gara elementoota soodiyeemii fi kilooriini itti ni diigama.
Gilgaala.
Bishaan adeemsa elektirooliisisiin gara maalitti jijjirama?
Kanneen armaan gadii elementii ykn kompaawundii jechuun adda baasi.

Oksijiinii
Giiraafaayitii
Bishaan
Giluukosii
Yuuriyaa
Waalgaa
Diyaamandii
Ammooniyaa
Asiidii
Shukkaara
Aspiriinii

Qoodama makootaa.
Wantootni makaa gos-tokkee fi makaa gos addee jedhamun bakka gurguddoo lamatti qoodamu.
Makaa gos tokkee
Makaa gos-tokkeen makaa ruqooleen isaa haala wal-fakkatuun walkeessa faca’anii dha. Makaa gos-tokkee keessatti ruqooleen makaa ijaanis ta’ee maayikirooskoopiin adda bahanii hin beekamani.
Fakkeenya: Makaa shukkaraa fi bishaanii, qilleensa, makaa alkoolii fi bishaanii, laaqaa, bulbula ashaboo nyaataa kkf.
Makaa gos-addee
Makaa gos-addeen makaa ruqooleen isa ija uumamaan ykn maayikirooskooppiin adda bahanii argamuu danda’an makaa gos addee jedhama. Makaa gos-addee keessati ruqooleen makaa hundi amala isaanii qabatani turu. Kana jechuunis, ruqooleen makaa gos-addee halluu, qabxii danfina fi baqina kkf kan mata isaani qabatanii taa’u.
Fakkeenya: dhiiga, aannan, makaa daakuu, shukaara, fi daakuu midhaanii, shoorbaa, fuduraalee, makaa zayitaa fi bishaanii, cuunfaa burtukaanaa. Dhiigni makaa gos- addee dha sababnisaas seeliin dhiigaa pilaazimaa dhiigaa amala fiizikaalaan adda bahu.
Gaaffii: Kanneen armaan gadii makaa, elementii, kompaawundii jechuun adda qoodi kanneen makaa gos addee ykn gos tokkee jedhii gargarbaasi.

Qilleensa
Biyyee
Giluukosii
Muka
Kaalsiyeem karboonetii
Dhiiga
Ashaboo nyaataa
Biiraa
Hanqaaquu waaddame
Beezota

Gilgaala waliigalaa
Jechoota armaan gadiif hiika kenni.

Elementii
Kompaawundii
Molakuulii
Makaa

Makooleen gosa meeqatti qoodamu? aqaa isaanii himi ?
Garagarumaan makaa fi kompaawundii gidduu jiru maali dha ?

4.2. Qabiyyee atoomii, Ayisootooppota fi Caasaa elektiroonawaa
4.2.1. Suudowwaan Cita Atoomawaa
Maateriin kamiyyuu suudoowwan atoomii jedhaman of keessaa qaba. Atoomiin suudoo baayyee xiqqaa elementii ta’ee amaloota keemikaalaa elementichaa ibsuu dha. Atoomotni elementootaa suudoowwan bu’uraa sadi, jechuunis pirootoonii, elektiroonii fi niwutiroonii irraa kan ijaaramanii dha. Atoomii keessatti iddoon elektiroonotaan qabame baay’ee bal’aa yommuu ta’u iddoon nukilasiin qabame garuu baay’ee xiqqaa dha.

      Fakkii: Caasaa  atoomii fi Suudoowwan  bu’uraa

Qabiyyummaa Atoomii
Atoomiin elektiroonii pirootonii, niwutiroonii fi sudowwan kkf of keessaa qaba.
Sudowwan
Cita atoomii Iddo bu’ee Hanga Charjii
Yha g Sadhatawaa Kolombiin Sadhatawa
Elekktiiroonii e- 0.00055 9.1 x 10-28 1 -1.602×10-9 -1
Pirootonii P 1.0073 1.673 x 10-24 1837 +1.602×10-19 +1
Niwutiroonii N 1.0087 1.674×10-24 1837 0 0

Lakkoofsa atomawaa, hanga atomawaa, lakkoofsa hangaa fi ayisootoppota
Lakkoofsa Atomawaa (z): lakkoofsa proitonii niwukilasii atomii keessatti argamu waliin wal qixa.Atoomiin chaarjii dhabeessaaf lakkoofsi atoomawaa lakkoofsa pirotonii fi elektiroonii waliin walqixa ta’a.
Z = p = e-
Lakkoofsa hangaa (A): Lakkoofsi hangaa ida’ama lakkoofsa pirootonii fi niwutiroonii atoomii keessaa waliin walqixa dha.
A= p+n yookiin A= z+n
(_A^Z)X
Iddo bu’ee elementii waliin yeroo ibsamu:
X – iddo bu’ee elementii
A – Lakkoofsa hangaa
Z – Lakkoofsa Atomawaa
Fkn 1: lakkoofsa pirootonotaa, elektiroonota fi niwutiroonii atoomoota armaan gadii kenni
A) (_80^199)Hg B) (_80^200)Hg
Deebii
Lakkoofsi atomawaa isaa 80 kanafuu lakkoofsi pirootonota 80 ta’a.
Lakkoofsi hangaa 199.
A= p+n n= A-p = 199 – 80 = 119
Atomii kanaaf z= p = e- = 80
lakkofsa atomawaa (z) = 80 lakkoofsa hangaa (A) = 200 waan z = p = e- ta’eef lakkoofsa pirootonii = 80 lakkoofsa elektiroonii (e-) = 80
Lakkoofsa niwutiroonii = A- Z
n= A-Z= 200 – 80 = 120
Ayisotoppota
Atomoota elementii tokkichaa kanneen lakkoofsa atomawaa walfakkaataa fi lakkoofsa hangaa garagara qaban ayisootoppii jedhamu. Atoomotni akkasii amala fiizikaalaa garagaraa qabu. Amalli keemikaalaa isaanii garuu walfakkataa dha.
Fakkeenya: (_92^235)U fi (_92^238)U
Haala dhaabbataa keessatti amalli keemikaalaa elementootaa lakkoofsa pirootonii fi elektiroonii atomichi qabuun murtaa’a. Wulamagalatti ayisotoppotni:
Lakkoofsa pirootoonii, lakkoofsa elektiroonii, lakkoofsa atoomawaa fi lakkoofsa elektiroonota vaalaansii walqixa qabu.
Lakkoofsa hangaa fi lakkoofsa niwutiroonii adda addaa qabu.
Fkn -Ayisotoppota hayidiroojinii sadan
(_1^1)H (_1^2)H (_1^3)H
Hayidiroojiinii Dutiriyemii Tiriitiyemii
Elementii Iddo Bu’ee Lakkoo atomawan Lack pirootonii Lakk niwutironii Hanga (y.ha) %
Hayidiroojini
(_1^1)H 1 1 0 1.0078 99.985
(_1^2)H 1 1 1 0.0141 0.015
(_1^3)H 1 1 2 3.016 –
Karboonii (_6^12)C 6 6 6 12.00 98.89
(_6^13)C 6 6 7 13.0033 1.11
(_6^14)C 6 6 8 14.0032 —
Oksijinii (_8^16)O 8 8 8 15.9949 99.759
(_8^17)O 8 8 9 16.999 0.037
(_8^18)O 8 8 10 17.9924 0.204

Hanga sadhatawaa Atomootaa
Hangi sadhatawaa elementootaa hanga giddu galeessaa kan atomoota uumaman ayisotoppii walii ta’ani ti. Innis kan shallagamu hamma uumamaan argame ayisotoppichaa fi haala argama atomoota isaa hanganii fi dhibbantaan kenname irratti hundaa’un.
Fakkeenya:. Koppariin ayisootoppota lama qaba (_29^63)Cu (69.09%) fi (_29^65)Cu (30.91%) yoo hangi atomawaa isotoppota kanneenii duraa dubaan 62.93 y.h.a fi 64.9278 y.h.a ta’e hanga sadhatawaa kopparii shallagi
Furmaata: Hanga atomawaa elementii = (H1P1+H2P2)/100
H1 – Hanga atomawaa elementii 1ffaa
H2 – Hanga atomawaa elementii 2ffaa
P1- Dhibbantaa tamsa’ee argamuu ayisotoppi 1ffaa
P2 – dhibbantaa tamsa’ee argamuu ayisotoppi 2ffaa
Hanga atomawaa Cu = (62.93 yha ) (69.09) +(64.9278y.h.a)(30.9)
100
= 63.55 y.h.a [ yunitii hanga Atomawaa ]
Gaaffii
Hagi atomawaa agisotoppota boroonii lamaanii jechuniis 105B (19.78%) fi 115B (80.22%) duraa duubaan 10.0129 yha fi 11.0093 yha dha. Hanga sadhatawaa Boronii shallagi.
Hanga Atomawaa Elementotaa
Akka waliigaltee addunyaatti hangi atomawaa elementii hanga elementii yuunitii hanga atomawaan ibsamu dha. Yunitiin hanga atomawaa tokko 1/12 ffaa hanga kaarboonii 12 (12 6C) tokkoo ti. Akka waliigaltee kanatti hangi atomawaa kaarbon-12 12 y.h.a yoo ta’u hangi atomawaa

elementoota kaanii kan ayisotoppii karbonii kana bira qabamuun safaramu ta’a.
Hangi dhugaa atoomii C tokkoo giraama 1.993 x 10-23 dha.
Fkn- Hagi dhugaa atomii oksijinii yoo 2.667 x 10-23 g ta’e hanga atomawaa oksijinii shallagi
Hanga atomawaa = (Hanga dhugaa atomii elementicha)
(Hanga dhugaa atomii C
= 2.66 x 10-23 g

                    1.99x 10-23g (1/12)
                      = 2.667 x 10-24g x 12
                          1.99 x 10-23
                          =15.99 yha yookiin 16 yha 

Gaaffii: Hangi dhugaa atomii hayidiroojinii 1.67 X 10-24g dha. Hanga atomawaa
hayidiroojinii shallagi.

Gilgaala

Deebii Sirrii ta’e filadhu

Hangi eleektiroonii

Hanga pirotoonii si’a 1837 ta’a.                  
Hanga niwutiroonii sia 1837 ta’a.
Hanga pirootoonii waliin walqixa    
9.11x10-31 kg dha.

Elementoota raadiyoo aktiivii ta’aniin kan gad hin lakkifamne kami? 
Suudoo alfaa                                            
suudoo beettaa
madana gaamaa                               
niwutiroonii     
deebiin hin kennamne

Hanga sadhatawaa elementii parsantiin uumamaan argama ayisootoppota isaa 90% 20X fi 10% 22X ta’ee meeqa?

21                     
20.2                                   
21.8                  
22

Lakkoofsi waliigalaa sudoowwan cita atoomawaa gurguddoo atoomii(_82^206)Pb keessaa isa kami?

206                 
288                           
82                                              
246

Atoomootni elementii tokkichaa hundi maaliin walqixa ta’u?

Lakkoofsa hangaa                                  
lakkoofsa niwutiroonii 
Lakkofsa pirootoonii                               
Amala fiizikaalaa

Kanneen keessaa isootoonii walii kan ta’an filadhu.

126C, 136C,146C                    
4018 Ar,4220Ca,4321Sc   
4018Ar,4020Ca        
147N,168O,189F

Reshoo chaarjii gara hangaa olaanaa kan qabu kami?

Eleektiroonii                    
Suudoo-             
Niwutiroonii                
Pirootoonii

Hima sirrii ta’e filadhu
Ayisootoppotni lakkoofsa pirootonii fi niwuutiroonii walqixa qabu.
Ayisoobariin kanneen lakkoofsa niwutiroonii walqixa qabanii dha.
Ayistoonootni lakkoofsa pirootonii walqixa qabanii dha.
Ayisoobaariin atomoota elementii adda addaa dha.
Deebii sirrii ta’e kenni
Lakkoofsa pirootoonii, elektiroonii fi niwutiroonii kanneen armaan gadii keessaa shallagi.
      A/13255Cs          B/11548 Cd+2      C/19481Ti      D/10547Ag+      E/7834Se-2
Liidiin uumamaan ayisootoppota afur qaba uumamaan argmni isaaniif hangi isaanii kennamee jira. Hanga sadhatawaa liidii shalllagi.

Ayisootoppii Hanga(Y.h.a) Argama(%)
204Pb 203.97 1.48
206Pb 205.97 23.6
207Pb 206.97 22.6
208Pb 207.97 52.3

4.2.3. Moodeelii Atomawaa
Saayintiistoonni hedduun atoomoota fakkeewwan yookiin moodelotan iddoo buusuuf yaalii adda addaa gaggeessaniiru. Haata’u malee fakkeewwaan kunniin amaloota atoomotaa guutumaatti ibsuu hin dandeenye. Moodeeloota atoomoota muraasni akka armaan gaditti argamuu.
Moodeela Atoomawaa Daalton
Atoomiin kan gargar cabuu hin dandeenye, kan dhabamsiifamuu hin dandeenye, kan uumamuus hin dandeenye geengoo akka kubbaati.
Moodeela Atoomawaa Toomson
Atoomiin pirootoonii fi elektirooniin kan keessatti wal makanii argamanii fi boca geengoo akka kubbaa ti.
Moodelii Atoomawaa Razerfoord
Akka moodeelii atoomawaa Ratherforditti qaamni atoomii hedduun isaa bakka duwwaa ta’uu ibsuun sababuma kanaaf suudotni alfaa sibiila warqee haphii keessa xiqqoo qofa dabuun ykn otoo hin dabiin keessa darban jechuun ibse. Chaarjiin pozatiivii atoomii keessaa hundi bakka tokkotti walitti sassabamee niwukilasii kessa kan jiru ta’uu adeesse. Akkasumas moodeeliin atoomii handhura keesaa chaarjii pozatiivii qabuu fi gara alaatti chaarjii negativiin marfamuu abuure.
Niwutiriooni
Pirootonii

Hanqina moodeelii Atoomii Razerford
Akkuma kanaan dura ilaalle ciminni moodeelii atoomii Razerford kanneen akka:
Atomiin kamuu handhura isaa irratti niwukilasii chaarjii pozatiivii qabu qabaachu.
Hangi atoomii garri irra caalaan qaama atoomii xiqqoo fi handhuura keessaatti argamu kanaan qabamuu.
Atoomotni hundi chaarji dhabeessa waan ta’aniif chaarjiin pozatiivii niwukilasii kan charjii negatiivii elektiroonii waliin walqixa ta’uu.
Qaamni atoomii hedduun isaa duwwaa ta’uu.
Cimina isaa yeroo ta’an hanqinoota moodeelii atomii kanaa:
Orbitii geengawaa hundi kan eeyyamaman ta’u fi tasa kan filataman ta’uu.
Akka seera elektirodayinamiksitti wanti naanna’u hundi annisaan isaa kan hir’achaa deemu ta’uu irraan kan ka’e elektirooniin kan yeroo mara niwukilasitti nannoftu yoo ta’e annisaa waan dhabaa deemtuuf niwukilasiin waan harkifamtuuf atomiin walitti shuntuura. Haata’u malee atoomiin hin shuntuuru.
Moodeelii atoomii haayidirojinii Bohor
Niels Bohr Fiizistii biyya Denmark yeroo ta’u yerooo jalqabatiif amala elektirooniin atomii irratti qabdu kan ibse dha. Moodeelii atomii isaatiif hayidiroojiinii filate. Sababni isaas waan atoomiin hayidiroojiinii salphaa kan pirootonii tokkoof elektiroonii tokko qofa qabdu waan ta’eef.
Ciminaa fi hanqina moodeelii Atomawaa Bohor
Tiyooriin atoomii Bohor kan hojii irra ooluu danda’u atomoota ykn ayoonota elektiroonii tokko qaban Fkn- He+ fi Li2+ fi atomii hayidiroojiniif qofa ta’uu.
Elektiroonotni amala danbalii qabaachuu irraan kan ka’e amala isaanii haala Bohor ibseen ibsuun rakkisaata’uu fi kkf. Haata’u malee toyooriin atoomii Bohor yaadota gurguddoo kanneen akka annisaan atomii keessaa hammaqamaa (quantized) ta’uu ibsuu, moodeeliin atomii isaa atomoota fi ayoonota elektiroonii tokko qaban ibsuuf gahaa ta’uu fi kkf cimina isaa turan
Moodelii Atomii kuwantam makaniikaalaa.
Akkuma mata duree moodeelii Atomii hayidirojiinii Bohor jalatti ilaalle N.Bohor annisaa kan ibsuuf yaale atomii elektiroonii tokko qabdu hayidiroojijii fayyadamun dha. Yeroo lakofsi elektiroonii lamaa fi isaa ol ta’u.
1ffaa waan wal dhiibbaan elektiroonota lamaan giddutti uumamuuf.
2ffaa Atoomotni biroon niwukilasii chaarjii pozatiivii lamaa fi isaa ol qaban irra naanna’u kun immoo akka isaan dandii murtaa’aa hin qabanne godha.
Moodeliin kuwantam makaanikaalaa, yaada elektiroonotni orbitii geengoo irra niwukilasitti naanna’u jedhu mormuun elektiroonotni niwukilasitti naanna’an illee karaan isaa kana jechuun murteessun akka hin danda’ame ibsa. Bara 1926 itti Erwin shiroodiinger “hima herregaa amala danbalii elektiroonotaa fi annisaa isaanii walitti firoomsu abuure.

Himni kun amala danbalii suudotaa fi seera mormii Heezen Bargin kan deggaruu dha.
Himni Herregaa kun walxaxaa ta’uu isaa irraan kan ka’e sadaarkaa kanatti hin ilaallu garuu furmaatni hima kanaa qubee Giriikii psi ( ) bukka buufama. Innis fanksinii danbalii jedhama.
Fanksiniin danbalii kun iddoo itti argama elektiroonii hawaa (bakka duwwaa) keessatti tilmaamuuf fayyada. Bakki itti argama elektiroonii kana jechuun murteessuun yoo hin danda’amne iyyuu tilmaamuun ni danda’ama. Bakka elektirooniin olaantumman itti argamtu jedhamee tilmaamamu orbitaala jedhama.
Elektirooniin yeroo kanname tokkotti orbiitaala kana keessa iddo ta’etti argamti, kana jechuun yeroo ishee hedduu bakka tilmaamame kanatti dabarsisti jechuu dha. Kanaafuu elektirooniin suudoo saffisa olaanaan sochootuuf kan akka duumessa elektirooniitti ilaalamuu malu dha.
Orbitaala Atomaawaa fi Raabsa Elektiroonotaa
Akkaataan elekiroononni nuukilasii ittiin marsan seeraa fi sirna mataa isaa qaba. Elektiroonoonni atoomii keessaa gulantoota anniisaa yookiin sheelota bakka jedhamu qabatanii nuukilasiitti marsu. Elektiroononni nuukilasiitti aananii marsan gulantaa anniisaa yookiin sheelii xiqqaa qabatu. Fageenyi isaanii nuukilasii irra dabalaa yeroo adeemuu gulantaan anniisaa isaaniis dabalaa adeema. Gulantoonni anniisaa nuukilasii irraa jalqabanii gara alatti 1,2,3,…yookiin K, L, M, N,… jedhamanii moggaafamu.
Akkuma gulantaan anniisaa dabaluun lakkoofsi elektiroonota isaan qabachuu danda’aniis dabala. Elektiroonotni gulantaa anniisaa isa xiqqaa irraa jalqabanii guutamu. Kana jechuun yeroo gulantaan anniisaa inni xiqqaan hamma baachuu danda’u erga guuttattee booda, elektiroononni hafan immoo gara gulantaa anniisaa guddaa itti aanee jiruutti darbu jechuudha. Gulantoonni anniisaa tokkoon tokkoon isaanii lakkoofsa elektiroonota hamma olaanaa baachuu danda’anii qabu. Lakkoofsi kun 2n2 dhaan shallagama. n = lakkoofsa gulantaa anniisaa 1,2,3,… bakka bu’a.
Gabatee armaan gadii gulantaa anniisaa fi lakkoofsa elektiroonotaa isaan baachuu danda’an agarsiisa.
Gulantaa anniisaa Gatii “n” Lakkoofsa elektiroonotaa isaan baachuu danda’an (2n2)
K 1 2
L 2 8
M 3 18
N 4 32
O 5 50
P 6 72
Q 7 98
Gilgaala
Fakkeewwan moodelota atoomoota Bohoritti fayyadamuun atoomoota elementoota armaan gadiitiif raabsa elektiroonotaa isaanii danaan agarsiisi.

(_3^7)Li                                                      
 (_11^23)Na
(_6^12)C
(_13^27)Al
(_10^20)Ne 
(_12^24)Mg

Elementoota armaan gadiitiif fakkee raabsa elektiroonotaa isaanii kaasi.
Filoorinii (p=9,n=10)     b. Foosfarasii (p=15, n=16)

Orbitaalota Atoomawaa
Orbitaalotni iddoo ispeesii keessaa bakka argaminni argam-tarii elektiroonii ol-aanaa ta’e dha. Akkuma kana dura barattanitti orbitaalotni qubee xixiqqaa s, p, d, f, fi kkf. tiin bakka buufamu.
Elektiroonotni naannoo nukilesiitti baqqaanota ykn sheelota garaagaraa mataa isaanii akka qabanitti yaadamu. Tokko tokkoon sheelii lakkoofsotaa fi gosoota orbitaalota garaagaraa of-keessaa qaba. Fakkeenyaaf sheeliin jalqabaa (K’n) orbitaala tokko qofa (1s) qaba. Inni lammaffaan orbitaalota afur (2s tokkoo fi 2p sadii) qaba. Inni sadaffaan orbitaalota sagal (3s tokko, 3p sadii, fi 3d shan) of-keessaa qaba; fi kkf.Lakkoofsi elektiroonii olaanaa dameewwan sheeliitiin qabatamuu danda’an akka gabatee armaan gaditii argamu.
Damee sheelii Baay’ina elektiroonii olaanaa bachuu danda’uu
S 2
P 6
D 10
F 14
Raabsaa Elektiroonawaa Atoomotaa
Raabsaan elektiroonawaa gulantaa annisaa gad-aanaa atoomii kamiyyuu guca elektiroonotni atoomii keessatti orbitaalota kam irra akka qubatan kan agarsiisu dha. Elektiroonotni jiran sheelotaa fi orbitaalota sirrii irratti ramadamuuf seerota sadan ramaan gadii guutuu qabu.
Seera aufbau (Build-up principle). Akka seera kanaatti orbitaalotni annisaa gad-aanaa qaban dura elektirooniin guutuu qabu kan jedhu dha.
Ofbaa’u jechuun jecha jarmanii ijaarsa jedhu irraa dhufe.

                               1s
                                2s         2p
                               3s          3p          3d
                               4s          4p          4d       4f
                                5s         5p          5d      5f  

Tartiibni guutamiinsa elektiroonii orbitaala 1s irraa eegalee xiyya qabachuun gad-deema. Inniis
1s < 2s < 2p< 3s < 3p < 4s < 3d < ………………………… jechaa itti fufa.
Fakkeenya: (_11^23)Na = 1s2 2s2 2p6 3s1 ta’a.
Seera Pauli (Pauli Exclusion Principle). Seerri kun ammoo elektiroonotni lama atoomii tokko keessaa lakkoofsota kuwantamii afran al-tokkichatti tokkicha qabaachuu hin danda’an kan jedhu addeessa.
Seera Hund (Hund’s Rule of Multiplicity). Seerri kun elektiroonotni orbitaalota annisaan wal-gitan irra yommuu qubatan wal-tarreen ofirra kirkiran kan jedhu addeessa ykn elektiroonotni orbitaalota obbolee ta’an keessa yeroo faca’an qeenxeen odoo wal hin ga’in hin lammeeffaman kan jedhu.
Fakkeenya: 1s2, 2s2, 2p3 keessatti halli teessuma elektiroonii

                 ta’a    hin ta’u

Fakkeenya: Atomiin oksijinii elektiroonota saddet qaba Elektiroonota kanneen hundaaf lakkoofsa kuwantamii arfan barreessun bakka buusi

1s 2s 2p
Yoo seerota kana elementoota tarree lammaffaa gabatee peredikiitiif (kan elementiin karbonii keessatti hammatamu) hojiirra oolchine, akkaataa fakkii armaan gadiin ta’a
2p  _ 2p_ _ _ 2p_ _ _
2s  2s _ 2s _
1s  1s _ 1s__ Boronii Karbonii Naytirojinii 2p_ _ _ 2p_ _ _ 2p__ _ __
2s  2s  2s 
1s  1s  1s 
Oksijinii Filorinii Niyoonii
Gilgaala

  1. Elementoota armaan gadiitiif raabsaa elektiroonotaa annisaa ga-aanaa irratti agarsiisi
    a)Fosferesii (b) Kiroomiyeemii (c)Kilorinii d) Kopperii
  2. Elementootni armaan gadii sheelii alaa isaanii irratti elektiroonota meeqa qabu?
    a) Potasiyeemii b) Zenenii c) Silkenii
    4.3. Atoomota, molakiyuulotaa fi ayoonota
    Wantootni garaagaraa suudota xixiqqoo atoomota yookiin molakiyuulota yookiin ayoonota irraa kan ijaaramanii dha.
    Gaaffii: 1) Maalummaa atoomota, molakiyuulota fi ayoonotaa ibsi.
    2) Garaagarummaan isaan sadan jidduu jiru maali?
    I. Atoomota
    Atoomotni suudota baay’ee xixiqqoo elementootaa ijaaranii fi chaajimaleessa ta’anii dha. Atoomotni elementii gosa tokkoo niwukilasii isaanii keessatti pirootoonotaa fi niwutiroonota lakkoosan walqixa ta’an qabu.Naannoo niwukilasii isaanii marsanii kan argaman elektiroonota baay’inni isaanii pirootoonota wajjin walqixa ta’anii dha. Kanaafuu atoomotni suudoota bu’uraa sadan pirootoonota, niwutiroonotaa fi elektiroonota irraa ijaaraman jechuu dha.
    Gaaffii
    1) Atoomotni hamma ammaatti beekaman meeqa?
    2) Wantootani yommuu caccaban atoomota kennan yookiin atoomota irraa ijaaraman kam fa’a?
    3) Giraafaayitiin fi dayaamandiin jajjaboowwan faayidaa adda addaa kennuun beekamanii dha. Suudotni irraa ijaaraman maali? Maaliif gargar ta’anii?
    II. Molakiyuulota
    Molakiyuuliin garee atoomotaa walitti hidhama keemikaalawaa humna walharkisa cimaa ta’e qaban irraa kan uumamee dha.Foormulaan keemikaalaa lakkoofsa atoomota elementoota garaagaraa molakiyuulichi qabu kan agarsiisuu dha.Wantootni molakiyulaawaa ta’an molakiyuulota xixiqqoo irraa ijaaramu.
    Fakkeenya: Bishaan molakiyuulota bishaanii (H2O) hedduu irraa kan ijaarame yommuu ta’u tokko tokkoon molakiyuulichaas atoomota hayidiroojiinii lamaa fi atoomii oksijiinii tokko irraa kan uumamee dha.
    Gaaffii: Wantoota molakiyulaawaa ta’an hedduu tarreessuun gosaa fi lakkoofsa atoomota irraa ijaaramanii ibsi.
    Molakiyuulota gosaa fi baay’ina atoomota irraa ijaaraman irratti hundaa’uun qoqqoodamuu ni danda’u. Molakiyuulotni atoomota gosa tokkoo qofa irraa uumaman molakiyuulota atom-tokkee, atom-lamee fi atom-danuu jedhamuun qoqqoodamu.
    Molakiyuulotni atom-tokkee gaasota luujii ti.
    Molakiyuulotni atom-lamee H2, O2 fi kkf dha.
    Molakiyuulotni atom-danuu O3, P4 fi kkf dha.
    Molakiyuuloni gosa atoomota lamaa fi lamaa ol qaban molakiyuulota kompaawundii jedhamu. Fakkeenya: kaarbondayoksaayidii (CO2) fi kaarbonmonoksaayidiin (CO) molakiyuulota kompaawundii ti.
    III) Ayoonota
    Ayoonotni atoomota yookiin garee atoomotaa elektiroonii tokko yookiin isaa ol fudhachuun yookiin kennuun uumamanii dha.Atoomotni elektiroonii yookiin elektiroonota fudhatan ayoonota negatiivii yookiin anayoonota jedhamu. Kanneen atoomota elektiroonii tokko yookiin tokkoo ol kennuun uumaman ammoo katayoonota jedhamu.
    Fakkeenya: Cl-, F-, S-2, fi kkf anayoonota yoo ta’an Na+, K+, Al+3,Zn+2 fi kkf katayoonota
    Ayoonotni garee atoomotaa hidhoo keemikaalaatin walitti hidhamanii fi elektiroonii tokko yookiin isaa ol fudhachuun yookiin kennuun uumaman ta’uu ni danda’u.
    Fakkeenya: SO4-2, NH4+, NO3- fi kkf

BOQONNAA SHAN
HIDHOO KEEMIKAALAA FI HUMNOOTA MOLAKIYUULOTA JIDDUU
5.1. Hidhoo keemikaalaa
Hidhoon keemikaalaa humna atoomota yookiin ayoonota lamaa fi lamaa oli ta’an kan walitti hidhuudha. Fakkeenya: H-H
Na+Cl-
Humni atoomota haayidiroojinii, ayoonii soodiyeemii fi ayoonii kiloorayidii walitti hidhu hidhoo keemikaalaa jedhama.
Hidhoon keemikaalaa kan uumamu elektiroonii tokko yookiin elektiroonota lamaa fi lamaa ol ta’an kennuun, fudhachuun yookiin hirmaachuun.
Fakkeenya-1: Atoomiin soodiyeemii elektiroonii tokko ofirraa kennuun ayoonii soodiyeemii uuma. Na → Na+ + e-
2,8,1 2,8
Atoomiin kiloorinii immoo elektiroonii tokko ofitti fudhachuun ayoonii kilooraayidii kenna.
Cl + e-→ Cl-
2,8,7 2,8,8
Ayooniin soodiyeemii fi ayooniin kilooraayidii yommuu walitti dhufan soodiyeem kilooraayidii kennu.
Na+ + Cl- → [Na]+[Cl]-
Fakkeenya kana irratti hidhoon keemikaalaa ayoonii soodiyeemii fi ayoonii kilooraayidi jidduutti kan uumame elektiroonii atoomiin soodiyeemii of irraa kenne atoomiin kiloorinii ofitti fudhachuun.
Molakiyuulii haayidiroojin kilooraayidii keessatti hidhoon atoomota haayidiroojinii fi filoorinii jidduutti kan uumamu elektirooniin cimdiin tokko hidhoo uumuu keessatti hirmaachuun.
H + F→ H:F
1 2,7 2 2,8
Fakkeenya-2: Atoomiin maaginiziyeemii elektiroonii lama ofiirraa kennuun ayoonii maaginiziyeemii uuma. Mg → Mg+2 + 2e-
2,8,2 2,8
Atoomiin oksijiinii elektiroonii lama ofitti fudhachuun ayoonii oksaayidii kenna.
O + 2e-→ O2-
2,6 2,8
Ayooniin maaginiziyeemii fi ayooniin oksaayidii yommuu walitti dhiyaatan walharkisuun maaginiziyeem oksaayidii kennu.
Mg+2 + O2- → Mg2+O2-
Fakkeenyaa kana irraa akka hubatamu hidhoon keemikaalaa ayoonii maaginiziyeemii fi ayooni oksaayidii jidduutti kan uumamu elektiroonota atoomii maaginiziyeemii of irraa kenne atoomii oksijiinii ofitt fudhachuun.
Molakiyuulii booroon tiraayikilooraayidii keessatti hidhoon atoomii booroon fi kiloorinii jidduutti hidhoon kan uumame atoomii booroon elektiroonota sadii fi atoomotni kiloorinii elektiroonota sadii hirmaachisuun.
B + 3Cl→BCl3
2,3 2,8,7
Atoomotni elementoota sababni hidhoo keemikaalaa uumaniif.

  1. Raabsaa elektiroonota sukaawaa ta’e qabaachuu fi
  2. Anniisaa kuufamaa isaanii xiqqeessuufii dha.
    Raabsa elektiroonotaa sukaawaa ta’e qabachuu: atoomotni elementoota gaasii luujii hiiliyeemii irraa kan hafan hundinuu sheelii alaa irraa elektiroonota saddeeti saddeeti qabu.
    Atoomota elementoota
    gaasoota luujii Baay’ina elektiroonota
    qabanii Raabsa elektiroonota
    K L M N O P
    Hiiliyeemii (He) 2 2
    Niiyonii (Ne) 10 2

Argoonii (Ar) 18 2 8

Kirbitoonii (Kr) 36 2 8 18

Ziinonii (Xe 54 2 8 18 18

Raadonii (Rn) 86 2 8 18 32 18

Gabatee-5.1: Raabsaa elektiroonota gaasoota luujii
Raabsaa elektiroonota keessatti sheelii alaa irraa elektiroonota saddeeti saddeeti qabaaachuun seera saddeettanii jedhama. Raabsaa elektiroonota keessatti atoomiin elementii tokkoo sheelii alaarraa elektiroonota saddeeti kan qabaatu yoo ta’e raabsaa elektiroonota sukaawaa qaba jedhama. Atoomotni elementoota gaasii luujii hiiliyeemii irraa kan hafan hunduu sheelii alaa irraa elektiroonota saddeeti saddeeti waan qabaniif raabsaa elektiroonota isaanii sukaawaa dha. Atoomotni elementoota biroo raabsa elektiroonota saddeetii kan qabaatan elektiroonota vaalaansii kennuun, fudhachuun yookiin waliin qoodachuun.
Kannaafuu, Atoomotni elementoota biroo raabsaa elektiroonota gaasii luujii qabaachuun sukaawaa ta’u jechuudha.
B. Anniisaa kuufamaa xiqqeeffachuu: Atoomotni bilisaan yommuu jiraatan anniisaa kuufamaa olaanaa qabaatu. Hidhoo keemikaalaa uumuu keessatti atoomotni hidhoo keemikaalaa uuman anniisaa osoo hidhoo hin uumini qabanii (anniisaa yommuu bilisaan jiran) xiqqeessuudhaan.
Anniisaan kuufamaa atoomotnii kompaawundii uumaman keessatti qaban anniisaa atoomotni bilisaan yommuu jiran qabanii gadi qabaatu.
Atoomii (A) + Atoomii (B) → Molakiyuulii (AB) +E
Anniisaa atoomotni A fi B ‘n bilisaan yommuu jiran qaban kan molakiyuulii AB keessaa yommuu jiran qabanii oliidha.
Anniisaa sirna wanta tokkoo xiqqeessuu jechuun sukaa’ummaa wantichaa dabaluu jechuudha.
Hidhoon keemikaaalaa haala uumama isaanii irraatti hunda’uudhaan bakka gurguddoo saditti qoodamu. Isaanis:
Hidhoo ayoona’aa yookiin hidhoo elektiroovaalantii
Hidhoo koovaalentii
Hidhoo sibiilaa
5.1.1. Hidhoo ayoona’aa
Hidhoon ayoona’aa humna harkisa elektiroostaatikii ayoonota chaarjii waliif faallaa ta’e qaban jidduutti argamuudha.
Hidhoon kun kan uumamu atoomii sibiilaa tokko yookiin tokkoo oli elektiroonota guutumaan guututti sheelii alaa isaa irraa gara sheelii alaa atoomii kataayooniitti dabarsuudhaan.
Hidhoon ayoona’aa kan uumamu atoomotni sibiilaa fi sibiilalaa garaagarummaa humna harkisa elektiroonii olaanaa qaban jidduuttidha. Adeemsa hidhoo uumuu keessatti atoomiin sibiilaa elektiroonii ofirraa kennuun ayoonii chaarjii pozatiivii qabu yookiin kataayoonii yoo uumu, atoomiin sibiilalaa elektiroonii ofitti fudhachuun ayoonii charjii negativii qabu yookiin aanaayonii uuma.
Fakkeenya-3: K → K+ + 1e-
2,8,8,1 2,8,8
Cl + 1e → Cl-
2,8,7 2,8,8
Fakkeenya-3 kana irratti atoomiin potaasiyeemii elektiroonii tokko ofirraa kennuun ayoonii chaarjii pozatiivii qabu yoo uumu, atoomiin kiloorinii immoo elektiroonii atoomii potaasiyeemii irraa fudhachuun ayoonii chaarjii negativii (aanaayonii) qabu uuma. Humni walharkisa ayoonii potaasiyeemii chaarjii pozatiivii qabuu fi ayoonii kilooraayidii chaarjii negativii qabu (aanayoonii) jidduutti uumamu hidhoo ayoona’aa jedhqama.
K+ + Cl- → K+ Cl-
Kompaawundootni ayoonota hidhoo ayoona’aatnin walitti hidhama of keessa qaban kompaawundii ayoona’aa jedhamu.
Fakkeenya-4
Ayoonota kompaawundii ayoona’aa
Na+ fi Cl- NaCl
K+ Fi Cl- KCl
Mg+2 Fi O-2 MgO
Li+ fi F- Li F
Hidhoon ayoona’aa atoomota elementootaa anniisaa ayoonessuu gadaanaa fi atoomota elementoota jaalala elektiroonii olaanaa qaban jidduutti uumama.

5.1.1.1. Anniisaa fi hidhoo ayoona’aa
Ayooniin chaarjii pozatiivii qabu kan uumamu elektiroonii yookiin elektiroonota sheelii alaa atoomota irraa anniisaa gargaaramuun baasuudhaan. Anniisaan kun anniisaa ayoonessuu jedhama. Atoomiin tokko anniisaa ayooneesssuu gadaanaadhaan elektiroonii yoo gad lakkise ayoonii pozatiivii uumuun salphaa ta’a. Sibiilota alkaalii (sibiilota garee IA) fi sibiilota alkaalaayinii dachee (sibiilota garee IIA) irraa elektiroonota baasuun ayoonii pozatiivii uumuun anniisaa gadaanaa barbaada.
Karaa birootiin immoo elektirooniin sheelii alaa atoomitti yommuu dabalamtu anniisaan gad lakkifama. Anniisaan yoo elektiroononiin yookiin elektiroonotni sheelii alaa atoomii tokkootti dabalamtu gadi dhiifamu jaalala elektiroonii jedhama. Atoomiin gatii jaalala elektiroonii guddaa qabu salphumatti elektiroonii sheelii alaa isaa irratti dabalachuun ayoonii chaarjii negativii qabu uuma. Sibiilaalootni kanneen akka oksijiinii, filoorinii fi kiloorinii jaalala elektiroonii olaanaa qabu. Fakkeenyaaf NaCl yommuu uumamu atoomiin soodiyeemii ayoonii pozatiivii (Na+) yommuu uumu raabsaa elektiroonota gaazii luujii niyoonii (Ne) qabaata. Anniisaan elektiroonii moolii tokkoo sheelii alaa soodiyeemii irraa baasuuf barbaachisu (anniisaan ayoonessuu) 496kJ/moolii dha.
Na → Na+ e- , IE = 496kJ/moolii
2,8,1 2,8
Atoomiin kiloorinii elektiroonii soodiyeemii irraa baate fudhachuun raabsaa elektiroonii gaasii luujii argoonii (Ar) qabaata. Anniisaan yommuu elektirooniin tokko sheelii alaa kilooriinitti ida’amtu gad dhiifamu (jaalala elaktiroonii) 349kJ/moolii dha.
Cl +e- → Cl-1, EA = -349KJ/moolii
2,8,7 2,8,8
Hidhoo ayoona’aa uumuuf ayoonota raabsa elektiroonii gaazota luujii qaban horachuun qofti ulaagaa gahaa dha? Miti.
Sababni isaas adeemsa kana lamaan yoo walitti fidun, elektiroonii tokko Na irraa baasuuf anniisaan 496 kJ/mol ofitti fudhate, elektiroonii tokko atoomii Cl yommuu itti ida’amtu anniisaan 349 kJ/mol gad- dhiifame, akka waliigalaatti anniisaa 147 KJ/mol ofitti fudhachuu isaanii agarsiisa. Walnyaatinsa kana karaa anniisa xiqqeessuutiin yoo ilaalle adeemsa mijaa’aa miti sababni isaas adeemsa kana keessatti anniisaan ni dabalame waan ta’eef. Kanaafuu, ayoonota raabsaa elektiroonii gaasii luujii qaban uumaman qofti walnyaatinsa keemikaalaa gaggeessuuf ulaagaa gahaa miti jechuudha.
Kanaafuu, uumamuu hidhoo ayoona’aaf sababni maal?
Kompaawundiin ayoona’aa yommuu uumamu humna harkisa elekktiroostaatikii cimaatu ayoonii pozativii (kataa’ayoonii) fi ayoonii negatiivii (aanaayonii) gidduu jira. Ayoonotni kun lamaan kan lakkoofsaan walmadaaluun yoo walitti dhufan caasaa cima ta’e ijaaru. Ofiin ofi sirreessuun caasaa cimaa ta’e yeroo ijaaran kana anniisaa of keessaa baasuun sukaawoo ta’u. Anniisaan kunis anniisaa laatisii jedhama.
Taateewwan hammi anniisaa laattisii kompaawundii ayoona’aa irratti dhiibbaa geessisan.
Baay’ina chaarjii ayoonotaa
Hamma ayoonotaa,
Caaseffama ayoonotni jajjaboo keessatti qaban.
Kompaawundoota ayoona’aa Anniisaa laatisii, KJ/mool Kompaawundoota ayoona’aa Anniisaa laatisii, KJ/mool
LiF 1017 NaI 682
LiCl 828 KF 808
LiI 732 KCl 701
NaF 910 KBr 671
NaCl 788 CaCl2 657
NaBr 732 CaI2 600
MgCl2 2527 MgO 3890
Al2O3 15300.1
Gabatee-5.2: Anniisaa laatisii kompaawundoota ayoona’aa
5.1.1.3. Amaloota kompaawundoota ayoona’aa
Teempireechara dareeti jajjaboodha.
Yommuu tumaman ni caccabu.
Bulbulli fi baqaan isaanii korreenitii ofikeessa dabarsa.
Qabxii baqinaa fi danfinaa olaanaa qabu
Bulbulaa poolaraa’aa keessatti bulbulamu

5.1.2. Hidhoo kovaalentii fi Polaarummaa hidhoo kovaalentii
Hidhioon kovaaleentii humna harkisa elektiroonota lama yookiin lama ol ta’an hirmaachisuun atoomota jidduutti uumamuudha.
Fakkeenya:

Hidhoon kun kan uumamu atoomota elementoota garaagarumma humna harkisa elektiroonii xiqqaa qaban jidduuttidha. 
Hidhoon kovaalentii baay’inaan sibiilalaa fi sibiilaloota jidduutti uumama. 
Hidhoo kan keessatti elektiroonotnii cimdiin hidhoo uumuu keessatti hirmaatan elektiroonota cimdii hidhoo yommuu jedhaman, elektiroonotni cimdii hidhoo uumuu keessatti hin hirmaane immoo elektiroonota cimdii mit- hidhoo jedhamu
Hidhoon koovaalentii elektiroonota cimdii tokkoon uumamu hidhoo qeenxee jedhama.
 Fakkeenya:    

Hidhoon koovaalentii elektiroonota cimdii lamaan uumamu hidhoo dacha jedhama.

Fakkeenya:

Hidhoon koovaalentii elektiroonota cimdii sadiin uumamu hidhoo sadee jedhama.

Fakkeenya:

5.1.2.1. Seera caasaan Liwuusii ittiin barreeffamu
Akka seeratti Liwuusitti elektiroonotni hidhoo molakiyuuloota kovaalentii keessatti uumamu xuqaadhaan yookiin sararaan ibsama. Caasaan kunis caasaa Liwusii jedhama. Tartiiba caasaan Liwuusii ittiin barreeffamu.
Seera 1: Elektiroonota vaalansii atoomota molakiyuulii keessa jiran hunda lakkaa’uun walitti ida’uu. yoo micireen chaarjii negativii kan qabu ta’e hamma baay’ina chaarjii negatiivii elektiroonota vaalansii irratti ida’uu, yoo micireen ayoonii chaarjii pozatiivii kan qabu ta’e immoo hamma baay’ina chaarjii poozatiivii ida’ama elektiroonota vaalansii irraa hir’isuu.
Seera 2: Elektiroonota cimdii tokko tokko atoomota hidhoo uuman gidduu bifa xuqaan yookiin sararaan kaa’uun hidhoo uumuu
Seera 3: Atoomotni atoomii gidduu galeessatti hidhaman akka seera saddeettanii guutatan gochuu. (Hub: sheeliin alaa atoomii H elektiroonii lama qofa baachuu danda’a)
Seera 4: Elektiroonota cimdiin hafan yoo jiratan atoomii jidduu galeessa irra kaa’uu
Seera-5: Atoomiin jidduu galeessaa seera saddeettanii yoo kan hin guutane ta’e hidhoo cimdii yookiin hidhoo sadee atoomota isa marsanii jiran wajjin akka uuman gochuun seera saddeettanii akka guuttatu gochuudha.
Fakkeenya-1: Caasaa Liwuusii molakiyulii CCl4 barreessi
Seera- 1. Elektiroonota vaalansii atoomota kaarboonii fi kiloorinii arfan walitti ida’uu.
Elektiroonotni vaalensii atoomiii C afur (4e)
Ida’amni elektiroonota vaalansii atoomota Cl= 4x7e= 28e
Ida’amni elektiroonota vaalansi atoomota CCl4 keessa jiranii 32 ta’a
Seera- 2: Elektiroonota cimdii tokko tokko bifa tuqaan ykn sararaan atoomota gidduutti akka hidhoo uuman gochuu.
Asi keessatti 8e- fayyadamnee 24e- hafaniiru.
Seera-3: Atoomotni kiloorinii arfan atoomii kaarbooniti hidhaman akka seera saddeettanii guuttatan gochuu.
Amma elektiroonii jiran hundaa itti faayadamneera
Caasaan kun caasaa Liwuusii molakiyuulii CC14 jedhama.

  1. Caasaa Liwuusii CO3 2- barreessi.
    Seera- 1: Elektiroonota vaalansii atoomota C fi O sadan walitti ida’uu
    Elektiroonotni vaalansii atomii kaarboonii(C)= 4e
    Ida’amni elektiroonota vaalansi atoomota oksijinii(O)= 3x6e = 18e
    Ayooniin kaarbooneeti (CO32-) chaarjii negativii -2 waan qabuuf ida’ama elektiroonota irratti elektiroonii lama ida’uu.
    Walumagalaatti, ida’amni elektiroonota 24 ta’a.
    Seera 2: Atoomotni O- sadan atoomii C- marsanii jira gidduutti hidhoo tokko tokkoo uumuu
    As keessatti 6e- fayyadamee 18e- hafan jiru.
    Seera-3 Atoomotni oksijinii sadan atoomii kaarbooniitti hidhaman akka seera saddeettanii guutatan gochuu. Caasaan kan keessatti elektiroonota jiran 24 itti fayyadameen jira. Haata’u malee C seera saddeetanii Liwuusii hin gunne. Seera-4: Atoomiin C seera saddeettanii waan hin guutatniif elektiroonii cimdii hidhoo hin uumne atoomii O tokkorra jiru wajjin hidhoo dachaa uumuun seera saddeettanii akka guutatu gochuu dha.
    Kun caasaa Liwuusii CO32- ti.
    5.1.2.2. Hanqina seera guutuu saddeettanii
    Molakiyuulotni seera saddeettanii hin guutane bakka saditti qoodamu: Isaanis
    Molakiyuuloota lakkoofsa elektiroonotaa hanquu qaban
    Molakiyuulota atoomii jidduu galeessaa isaanii elektiroonota saddeetii gadi qaban
    Molakiyuulota atoomii jidduu galeessaa isaanii elektiroonota saddeetii oli qabaniidha
  2. Molakiyuuloota lakkoofsa elektiroonotaa hanquu qaban
    Fakkeenya:
  3. Molakiyuulota atoomii jidduu galeessaa isaanii elektiroonota saddeetii gadi qaban
  4. Molakiyuulota atoomii jidduu galeessaa isaanii elektiroonota saddeetii oli qaban

5.1.2.3. Amaloota hidhoo kovaalentii
I. Anniisaa hidhoo: anniisaa hidhoo keemikaalaa cabsuuf barbaachiisu yookiin anniisaa yommuu hidhoon sun uumamu bahuudha. Hidhoo keemikaalaa cabsuun adeemsa indootermikiiti. Kanaafuu, gatiin anniisaa hidhoo yeroo hunda pozatiivii dha. Anniisaa hidhoo molakiyuulii tokkoo kan molakiyuulii biroo irraa adda. Anniisaan hidhoo; hidhoo sadee kan dachaa ni caala, kan hidhoo dachaa immoo kan hidhoo qeenxee ni caala.
Akka waliigalaatti anniisaadhaan hidhoo sadee > hidhoo dachaa > hidhoo qeenxeeti
Hidhoo Anniisaa hidhoo, KJ/mol Hidhoo Anniisaa hidhoo, KJ/mol Hidhoo Anniisaa hidhoo, KJ/mol
H-H 432 C-H 413 C C 839
H-F 565 C-C 347 C N 891
H-Cl 427 C-Si 301 C O 1070
H-Br 363 C-N 305 N N 945
H-I 295 C-O 358 C=O 745
C-C 614 N=N 418 O=O 498
C-N 615 N=O 607
Gabatee-5.3: Anniisaa hidhoo kovaaleentii
II. Dheerina hidhoo: amala safaramoo hidhoo keemikaalaa keessaa tokko dheerina hidhooti. Dheerinni hidhoo fageenya nikulasii atoomota walitti hidhaman lamaan jidduu jiruudha. Dheerinni hidhoo sadee kan hidhoo dachaa wajjin walibira yoo qabnu, hidhoon sadee gabaabaadha. Dheerina hidhoo dachaa kan hidhoo qeenxee wajjin walbira yoo qabamu, hidhoon dacha gabaabaadha.

Walumaagalatti dheerinaan hidhoo sadee < hidhoo dachaa < hidhoo qeenxee ti
Hidhoo Dheerina hidhoo Hidhoo Dheerina hidhoo
C-H 109 H-H 74
C-C 154 N≡N 110
C=C 134 O=O 121

        Gabatee-5.3: Dheerina hidhoo kovaalentii

III. Kofa hidhoo: Kofa molakiyuulii keessatti sarara atoomii jidduu galeessaa fi atoomota lama kan atoomii jidduu galeessaati hidhamaniin uumamuudha. Gatiin kofa hidhoo digiriidhaan ibsama. Gatiin kofa hidhoo kunis amala atoomota hidhoo uuman irratti hundaa’a.
Fakkeenya: H2O, <HOH, 105o

BeCl2, <ClBeCl, 180o
CO2, <OCO, 180o
NH3, <HNH, 107.3o
CH4, <HCH, 109.5o

5.1.2.4. Caasaa molakiyuulota
Tiyoorii wal-dhiibinsa elektiroonota cimdii sheelii alaa (TWECSA) akka jedhutti elektiroonotni cimdii sheelii alaa atoomii gidduu galeessaa irra jiran akka waldhiibinsi isaan jidduu jiru xiqqaatuuf haala mijeefatu jedha. Elektiroonotni cimdii atoomii jidduu galeessaa irratti argaman kunniin immoo bakka lamatti qoodamu
Elektiroonota cimdii hidhoo uumaniif
Elektiroonota cimdii hidhoo hin uumneedha
Elektiroonotni cimdii kun immoo hamma danda’ametti walirraa fagaachuun wal-dhiibinsa jidduu isaanii jiru xiqqeessu. Elektiroonotni cimdii hidhoo hin uumne kan atoomii jidduu galeessaa irra jiran elektiroonota cimdii hidhoo uuman caalaa iddoo bal’aa qabatu. Kanaafuu, humni wal-dhiibinsaa elektiroonota cimdii jidduu jiru kan xiqqatu yoo kofni hidhoo guddaateedha.
Humni wal-dhiibinsa elektiroonota cimdii jidduu jiru kan mit-hidhoo- mit-hidhoo > elektiroonota cimdii mit-hidhoo- hidhoo > elektiroonota cimdii hidhoo- hidhoo
Elektiroonota cimdii Haala teessuma elektiroonota cimdii Caasaa molakiyuulota Haala teessuma atoomota Fakkeenya
Kan hidhoo uuman Kan hidhoo hin uumne
2 0 Solooloo Solooloo

CO2, BeF2
3 0 Rog-sadee pilaanarii
Rog-sadee
BF3, BH3
2 1 Rog-sadee pilaanrii Dabaa
SO2
4 0 Teetiraahediraalii
Teetiraahediraalii
CH4, CCl4
3 1 Teetiraahediraalii Rog sadee piraamidaawaa
NH3, PCl3
2 2 Teetiraahediraalii
Boca qubee –V
H2O, H2S
Gabatee-5.5: Caasaa molakiyuulota kovaalentii fi haala teessuma elektiroonota cimdii
5.1.2.5. Humna harkisa elektiroonotaa fi hidhoo polaara’aa
Humni harkisa elektiroonota dandeettii atoomiin elementii tokkoo kompaawundii keessatti elektiroonota ofitti ittiin harkisuudha. Atoomotni elementoota humna harkisa elektirooni garaagara qaban yoo hidhoo koovaalentii uuman, elektiroonotni cimdiin hidhoo uuman haala walfakkaatuun atoomota hidhoo uuman jidduu faca’anii hin argaman. Rukkinni elektiroonota cimdii hidhoo uuman haala walfakkaatuun faca’uu dhabuun isaanii hidhoon uumamu kun gama tokkon chaarjii negativii gam- tokkee fi gama birootiin immoo chaarjii pozatiivii gam- tokkee akka qabaatu taasisa. Hidhoo kovaalentii polaara’aan kun xiyyaa kallattiin ( ) isaa gara utubaa chaarjii negativii qabuutti agarsiisuun agarsiifama. Karaa birootiin immoo chaarjii pozatiivii gam-tokkee fi chaarjii negativii gama tokkeen qubee Girikii deeltaa〖 δ〗^+ fi 〖 δ〗^- dhaan walduraa duubaan agarsiifama.
Fakkeenyaaf: H δ+ F δ-
Molakiyuulii kana keessatti garaagarummaan humna harkisa elektiroonii atoomii filoorinii fi haayidiroojinii jidduu jiru (∆EN=1.9) waan ta’eef, hidhoon haayidiroojinii fi filoorinii jidduu jiru hidhoon kovaalentii polaara’aadha.
Hidhoon kovaalentii atoomota akaakuu tokoo jidduutti yoo uume, rukkinni elektiroonota hidhoo uuman haala walfakkaatuun nikulasii atoomota hidhoo uuman jidduutti faca’an argamu. Kanaafuu, hidhoon uumamu kun hidhoo koovalentii mit-polaara’aa ta’a.
Fakkeenyaa: H-H, F-F, Cl-Cl …
Garaagarummaan humna harkisa elektiroonii atoomota hidhoo uuman lama jidduu jiru (∆EN = 0.4 – 1.7) yoo ta’e, hidhoo atoomota kan jidduutti uumamu hidhoo kovaalentii poolaara’aa yoo ta’u, garaagarummaa humna harkisa elektiroonii (∆EN = 0.0 – 0.4) yoo ta’e immoo hidhoon kovaalentii uumamu mit polaara’aa ta’a.
5.1.2.6. Hidhoo kovaalentii polaara’aa fi kompaawundii poolaara’aa
Kompaawundii polaara’aan molakiyuulii yookiin kompaawundii daayipol moomeentii isaa zeeroo oli ta’e edha. Faallaa kanaattiin, molakiyuulii mit poolaara’aan immoo molakiyuulii daayipol moomeentii isaa zeeroo ta’eedha.
Molakiyuulii Daayipoli moomentii Molakiyuulii Daayipoli moomentii, µ
HF 1.01 CO 0.12
HCl 1.08 CO2 0
HBr 0.80 BF3 0
HI 0.42 CH4 0
H2O 81.1
Gabatee-5.6: Daayipolimoomentii molakiyuulota muraasa agarsiisuu.
Yeroo tokko tokko hidhoo molakiyuulota atoomota hedduu qaban keessatti, hidhoon kovaalentii polaara’aa ta’ee, molakiyuuliin mit- polaara’aa ta’uu danda’a. Kun kan ta’uu danda’u yoo caasaa molakiyuulii keessatti hidhoo kunniin kallattii walii faallaa ta’e irratti kan argaman ta’ee fi daayipolmoomeentiin isaanii walballeessuun akka waliigalaatti daaypol moomeentiin molakiyuulii zeeroo ta’eedha. Gabatee 5.7 ilaalli
Molakiyuulota Akaakuu hidhoo Akaakuu molakiyuuloota
H-H Mit polaara’aa Mit polaara’aa
F-F Mit polaara’aa Mit polaara’aa
O=C=O Polaara’aa Mit polaara’aa

Polaara’aa Mit polaara’aa

Polaara’aa Polaara’aa
Gabatee-5.7: Akaakuu hidhoo fi kompaawundoota kovaalentii
5.1.2.7: Hidhoo koo’oordineeti koovaalentii
Hidhoon koo’oordineeti kovaalentii hidhoo elektiroonottiin cimdii hidhoo uuman atoomii yookiin ayoonii tokko irraa dhufan fi atoomotni biiroo orbitaala duuwwaa elektirooniitti fudhatu qabu jidduutti kan uumamuudha.
Fakkeenyaa:

Hidhoon koo’oordineeti kovaalentii erga uumamee booda hidhoo koovaalentii wajjin waan hundinuu walfakkaatu.
5.1.2.8. Amaloota kompaawundota koovaalentii
Teempireechaara dareetti baay’inaan gaasii yookiin dhangala’oodha.
Kompaawundootni koovaalentii jajjaboon yeroo baayee hurkaa’oodha.
Bulbulaa orgaanikii keessatti bulbulamu, darbee darbee bishaan keessattis ni bulbulamu.
Fakkeenya: HCl + H2O → H3O+ + Cl-
NH3 + H2O → NH4+ + OH-
Baqasii ta’ee bulbulli kompaawundoota koovaalentii baayeen koreentii of keessa hin dabarsan.
Qabxii baqinaa kompaawundoota koovaalentii kan kompaawundoota ayoona’aa wajjin yoo walbira qabamu gadaanaadha.
Molakiyuulii Qabxii baqinaa, oC Qabxii danfinaa, oC Molakiyuulii Qabxii baqinaa, oC Qabxii danfinaa, oC
HF -93 20 H2O 0 100
HCl -114 -85 H2S -86 -60
HBr -89 -67 NH3 -78 -33
N2 -210 -196 CH4 -150 -162
O2 -218 -183 CF4 -150 -129
Gabatee-5.8: Qabxii baqinaa fi qabxii danfinaa kompaawundoota kovaalentii
5.1.3. Hidhoo Sibiilaa
Hidhoon sibiilaa: sibiilota jajjaboo keessatti argama. Atoomii sibiilaa tokko atoomota sibiilichaa hedduun wajjin walitti hidhama. Moodeelota uumama hidhoo sibiilaa ibsuuf garagaaran keessaa tokko moodeelii galaana elektiroonota jedhama. Akka moodeelii kanaatti hidhoon sibiilaa kan uumamu galaana elektiroonotaa fi ayoonota pozatiivii sibiilichaa jidduuttidha. Maddi galaana elektiroonota, elektiroonota sheelii alaa atoomota sibiilotaa irratti argamaniidha. Moodeeliin kun akka ibsuutti tokkoo tokkoon ayoonii poozativii sibiilaa elektiroonota vaalansii atoomota sibiilaa irraa walitti dhufaniin marfaman argamu.
Oe-Oe-Oe-Oe-Oe-
Oe-Oe-Oe-Oe-Oe- O = Ayoonota pozatiivii sibiilichaa
Oe-Oe-Oe-Oe-Oe- e- = Galaana elektiroonotaa
Fakkii-5.2: Haala moodeeliin galaana elekktiroonota uumama hidhoon sibiilota ittin ibsu.
Akka moodeelii galaana elektirooniitti vaalansii elektiroonotni humni harkisa elektiroostaatikiitiin ayooniii pozatiivii wajjin walharkisu. Dandeettiin ho’a fi elektirika of keessa dabarsuu, amalli damacamuu fi baxxeeffamuun sochii elektiroonota qaama sibiilaa keessaa taasisan irratti hundaa’a.
Damacamuun fi baxxeeffamuun osoo hidhoon hin cabin ayoonotnii sibiilota iddoo duraan dhiisanii gara iddoo birootti yommuu socho’an caasaan sibiilicha jijjiirama.
Qabxii baqinaa fi qabxii danfinaa
Sibiilotni hedduun isaanii jajjaboo qabxii baqinaa jidduu galeessaa hanga daran olaanaa qabanii fi qabxii danfinaa baayee olaanaa qabu. Qabxiin baqinaa fi danfinaa anniisaa (cimina) hidhoo sibiilaa wajjin hariiroo kallatti qaba.
Elementoota
Qabxii baqinaa, oC Qabxii danfinaa,oC Elementoota Qabxii baqinaa, oC Qabxii danfinaa,oC
Liitiyeemii 180 1347 Silivaarii 961 2155
Tiinii 232 2623 Koppaarii 1083 2570
Alimuniiyeemii 660 2467 Yuraaniyeemii 1130 2930
Baariyeemii 727 1850
Gabatee-5.9: Qabxii baqinaa fi danfinaa sibiilota tokko tokko

5.2.1. Humnoota molakiyuulota jidduu
Humnootni molakiyuulota jidduu humnoota walharkisaa molakiyuulii tokko molakiyuulii biroo wajjin walitti hidhaniidha. Hidhoo keemikaalaa atoomota walitti hidhan wajjin yoo walbira qabaman baayee dadhaboodha. Humnootni molakiyuulota jidduu bakka afuritti qoodamu. Isaaniis:
Hidhoo haayidiroojinii
Humnoota ayoonii-banti lamee
Humnoota banti-lamee- banti lamee
Humnoota London
5.2.2. Hidhoo haayidiroojinii
Hidhoon haayidiroojinii humna atoomii haayidiroojinii atoomota elementoota humna harkisa elektiroonii olaanaa qaban lama jidduutti argamun uumamuudha. Hidhoo kana keessatti atoomii haayidiroojinii fi atoomotnii elementoota humna harkisa elektiroonii olaanaa qaban jiraachuun dirqama. Atoomotni elementoota hidhoo haayidiroojinii uumuu keessatti hirmaata oksijinii, naayitiroojinii fi filoorinii qofaadha.

N-H—N
N-H—O
N-H—F
O-H—N
O-H–O
O-H–F
F-H–N
F-H–O
F-H–F

Hidhoon haayidiroojinii aanayoonota elementoota biiroo wajjinsi uumamu ni danda’a.
5.2.2. Humnoota ayoonii- banti lamee
Humnootni ayoonii- bantii lamee: humnoota wal-harkisa ayoonii pozatiivii fi chaarjii gam-tokkee molakiyuulii poolaraa’aa yookiin ayoonii chaarjii negativii qabuu fi chaarjii pozatiivii gam-tokkee molakiyuulii poolaraa’aa jidduutti uumamuudha.
Fakkeenya: Na+—H2O
Cl—–OH2
5.2.3. Humnoota banti lamee- banti lamee
Humnootni banti lamee- banti lamee humna harkisa chaarjii gam- tokkee molakiyuulii poolaraa’aa tokko irraa jiruu fi molakiyuulii poolaraa’aa biroo irraa jiruun kan uumamuudha. Humna Van dar waalsii jedhama. Hidhoo keemikaalaa wajjin walbira yoo qabamu baayee dadhabaadha.
Fakkeenya:

5.2.4. Humnoota London
Humnootni London humna harkisa atoomata yookiin molakiyuulota mit-poolaraa’aa jidduutti argamuudha. Humni kun kan uumamus sababa sochii elektiroonotni qaama atoomii yookiin molakiyuulii keessa taasisan irraa kan ka’eedha. Elektiroonotni qaama molakiyuulii keessa iddoo tokkoo gara iddoo birootti yommuu socha’aan molakiyuulii kana keessatti bantii lameen uumama. Bantii lameen molakiyuulii tokko irratti uumame yoo molakiyuulii chaarjii dabeessa ta’eetti dhiyate yookiin maxane, molakiyuulii kanneen irratti bantii lameen uumama. Bantii lamee molakiyuulii kanneen irratti uumamu kun chaarjii faallaa walii ta’e qabaniin walharkisa. Humni walharkisa haala kanaan uumamu kun humna harkisa London jedhama.
Fakkeenya: I2——I2—–I2 C6H6——–C6H6——C6H6
CO2—-CO2—–CO2 CCl4——-CCl4——–CCl4
O2——O2——O2
5.3. Seera bu’uura walnyaatinsa keemikaalaa
5.3.1. Seera walgitinsa hangaa
Akka seera walgitinsa hangaatti, walnyaaatinsa keemikaalaa keessatti maatariin yookiin atoomiin hin uumamus hin baduus kan jeechuun walnyaaatinsa keessatti hangi wantootaa hin jijjiiramu. Lakkoofsi wantoota jijjiiramuu ni danda’a, garuu hammi waliigalaa maatarii dhaabbataa dha. Laavozeer jalqaba seera kana yaalii gubannaa merkuriitti fayyadamuun, ida’amni hanga oksijiinii fi merkurii hanga merkuriik oksaayidii wajjiin walqixa ta’uu isaa ibse.
Fakkeenya-1: 2Mg + O2 → 2MgO
2x24g + 2x16g = 2x40g
48g + 32g = 80g
80g = 80g
Fakkeenya-2: 2H2 + O2 → 2H2O
2x2g +2x16g = 2x18g
4g + 32g = 36g
36g. =36g
Akkuma fakkenya kan irraa hubatamu ida’amni hanga maaginiziyeemii fi oksijiinii hanga maaginiziyeem oksaayidii wajjin akkasumasi ida’amni hanga haayidiroojiin f oksijiinii hanga molakiyuulii bishaanii uumame wajjin walqixa. Walnyaatinsa kanneen keessatti walgitinsi ida’ami hanga walnyaattoota fi firiiwwan kan walnyaatinsa keemikaalaa keessatti maatarii akka hin uumame yookiin hin banne agarsiisa. Seerri isa kan ibsu seera walgitinsa hanga jedhama.
5.3. 2. Seera dhaabbii qabiyyee
Akka seera dhaabbii qabiyyeetti kompaawundii kenname tokko keessatti hangi atoomota elementoota qooda yookiin reeshoo murtaa’aa qaba jedha. Seerri kun karaa birootiin yoo ibsamu hangi elementootaa kompaawundii keessaa jiran lakkoofsa hundaa xiqqaadhaan ibsama jechuudha.
Fakkeenya-1: kalisiyeem kaarboneetin (marbiliin) dhibbantaan hangaa, 40% kalisiyeemii, 12% kaarboonii fi 48% oksijiinii qabata.
Fakkeenya-2: H2O, MgO
Molakiyuulii bishaanii keessatti reeshoon hanga haayidiroojiinii gara hanga oksijiinii bishaan eessattis haa argamu, karraa adda addaanis haa uumamu 1:8 dha. Maaginiziyeem oksaayidii keessatti immoo reeshoo hanga maaginiziyeem gara oksijiinii 3:2 dha. Lakkoofsotni 1, 2, 3 fi 8 lakkoofsa hundaa xiqqaadha. Seerri isa kan ibsu seera dhaabbii qabiyyee jedhama. Namni seera kan abuurames Jooseef Pirisitiileedha.
5.3.2. Seera adda addummaa qixaa
Akka seera adda addummaa qixaatti, elementootni lama A fi B walnyaatanii kompaawundoota lama kan uuman yoo ta’e fi hangi elementii B garagara ta’e hanga elementii A dhaabbataa ta’e wajjin yoo walnyaate hangi isaa reeshoo lakkoofsa hundaatiin ibsama. Seerri kun yeroo jalqaaf yaalii kan mirkaana’e Joon Daltoniin.
Fakkeenya: salfariin oksijiin wajjiin walnyaachuun SO2 fi SO3 uuma. Hangi salfaarii dhaabbata ta’e (32g) hanga oksijiinii garaagaraa wajjin, 32g fi 48g walduraa duun, yoo walnyaatee reeshoo hanga oksijiinii kun lakkoofsa hundaa xiqqaa kenna. Reeshoon hangi oksijiinii SO2 keessa jiru gara hanga oksijiinii SO3 keessaa jiru 2:3 ta’a. Lakkoofsi 2 fi 3 lakkoofsa hundaa xiqqaadha.

5.3.3. Walqixxaattoota keemikaalaa madaaluu
Adeemsi baay’ina atoomota gara harka bitaa fi mirgaa walqixxaattoota keemikaalaa irratti argaman walqixxeessuu walqixxaattoo keemikaalaa madaaluu jedhama. Baay’inni atoomota gama walnyaattoota jiranii fi gama firiiwwanii jiran yoo walqixxaatan, walqixxaattoon keemikaalaa madaalame jedhama. Walqixxaattoon keemikaalaa karaan ittiin madaalamu.
Mala yaaliittiin
Mala hiramaa walii xiqqichaattiin (H.W.X)
5.3.3.1. Mala yaaliitiin
Walqixxaattoo keemikaalaa karaa kanaan madaaluuf tartiiba armaan gadiitti hordofama.
Walnyaatinsa keemikaalaa jechootan barreessuu
Walnyaatinsa keemikaalaa iddo- bu’eewwanii fi foormulaawwaniin walnyaattoota karaa bitaatti, firiiwwan immoo karaa mirgaattii barreessuu.
Baay’ina atoomota elementootaa walqixxaattoo keemikaalaa gara harka mirgaa fi bitaa jiran wal-qixxeessuu.
Fakkeenya-1: Oksijiinii fi haayidiroojiniin walnyaatanii bishaan yoo uuman walqixxaattoo madaalamaa walnyaatinsa kan barreessi.
Walnyaatinsa keemikaalaa jechootan barreessuu
Haayidiroojinii + Oksijiinii Bishaan
ii. Walnyaatinsa keemikaalaa iddo- bu’eewwanii fi foormulaawwaniin walnyaattoota karaa bitaatti, firiiwwan immoo karaa mirgaattii barreessuu.
H2 + O2 H2O
iii. Baay’ina atoomota elementootaa walqixxaattoo keemikaalaa gara harka mirgaa fi bitaa jiran wal-qixxeessuu.
2H2 + O2 2H2O
Fakkeenya-2: Aluminiyeemii fi oksijiinii walnyaatanii aluminiyeem oksaayidii yoo uuman walqixxaattoo madaalamaa walnyaatinsa kana barreessi.
i. Walnyaatinsa keemikaalaa jechootan barreessuu
Aluminiyeemii + Oksijiinii Aluminiyeem oksaayidii
ii. Walnyaatinsa keemikaalaa iddo- bu’eewwanii fi foormulaawwaniin walnyaattoota karaa bitaatti, firiiwwan immoo karaa mirgaattii barreessuu.
B. Al + O2 Al2O3
iii. Baay’ina atoomota elementootaa walqixxaattoo keemikaalaa gara harka mirgaa fi bitaa jiran wal-qixxeessuu.
C. 4Al + 3O2 2Al2O3
5.3.3.2. Mala hiramaa walii xiqqichaa (H.W.X)
Walqixxaattoota keemikaalaa mala kanaan madaaluuf
Walqixxaattoo keemikaalaa jechootan barreessuu
Walqixxaattoo keemikaalaa iddo-bu’eewwan fi foormulaa barreessuu
Tokkoon tokkoon atoomota elementoota kompaawundii keessa jiran gubbaa irratti vaalansii isaanii barreessuu.
H.W.X vaalansii atoomota elementoota barbaaduu.
H.W.X kana vaalansoota gubbaa atoomota irraa jiraaniif hiruu. Firii argame tokkoo tokkoo molakiyuulii duubatti barreessuu.
Baay’ina atoomota elementootaa gara bitaa fi mirgaa jiran walqixxaachuu isaanii mirkaneessuu.
Fakkeenya-1: Aluminiyeemiin haayidirookilooriik asiidii wajjin walnyaatee aluminiyeem kilooraayidii fi gaasii haayidiroojinii yoo uume, walqixxaattoo madaalamaa walnyaatinsa kana barreessi.
Walqixxaattoo keemikaalaa jechootan barreessuu
Aluminiyeemii + Haayidirookilooriik asiidii aluminiyeemii kilooraayidii
+ gaasii haayidiroojinii
Foormulaa walnyaattotaa barreessuu
Al + HCl AlCl3 + H2
Tokkoon tokkoon atoomota kompaawundii keessa jiran gubbaa irratti vaalansii isaan barreessuu.
H.W.X vaalansii elementoota barbaaduu.
Al+3 + H+1Cl-1 Al3+3Cl-3 + H2+2
H.W.X kana vaalansoota gubbaa atoomota irraa jiraaniif hiruu. Firii argame tokkoo tokkoo molakiyuulota duubatti barreessuu.
2Al + 6HCl 2AlCl3 + 3H2
Fakkeenya-2: Maaginiziyeemii salfarik asiidii wajjin walnyaate maagiziyeem salfeettii fi gaasii haayidiroojinii yoo uume. Walqixxaattoo madaalamaa walnyaatinsa kan barreessi.
Walqixxaattoo keemikaalaa jechaan barreessuu
Maaginiziyeem +salfarik asiidii maaginiziyeem salfeetti + haayidiroojinii
B. Walqixxaattoo keemikaalaa iddo-bu’eewwan fi foormulaa barreessuu
Mg + H2SO4 MgSO4 + H2
C. Tokkoon tokkoon atoomota elementoota kompaawundii keessa ijiran gubbaa irratti vaalansii isaanii barreessuu.
D. H.W.X vaalansii atoomota elementoota barbaaduu.
Mg+2 + H2+2SO4 Mg+2SO4 + H2+2
D. H.W.X kana vaalaansoota gubbaa atoomota irraa jiraaniif hiruu. Firii argame tokkoo tokkoo molakiyuulota duubatti barreessuu.
Mg + H2SO4 MgSO4 + H2
5.4.2 Istookiyoomeetirii
Walqixxaatoota keemikaalaa madaalame keessatti moolii, hanga, qabee fi kkf caasaalee bitaa fi mirgaa keessaa hamma wantootaa shallaguun ni danda’ama.Tooftaaleen shallaggii hamma wantootaa kunniin Istookiyoomeetirii jedhama. Isaanis:-

  1. Yaadrimee moolii
    Yuunitiin safara hamma (atoomota, molakiyuulota, ayoonota elektiroonota, pirotonota fi kkf) ibsuuf itti gargaaramnu moolii jedhama.
    Fakkenya 1mol ruuqoolee = 6.02 x 1023 ruuqoolee
    1mol Na = 6.02 x 1023 atoomota Na qaba
    1mol e- = 6.02 x 1023 elektiroonota
    1mol H2=6.02 x 1023 molakiyuulota H2
    1mol H2= 2×6.02 x 1023 atoomota hayioiroojinii ti.
    Lakkoofsi guddichi (6.02 x 1023) kun lakkoofsa Avoogaadiroo jedhama. Innis kabaja saayintistii biyya xaaliyaanii Amadi’o Avoogaadrootiif kenname.

Fakkeenya: Sibiila ayiranii (Fe) 0.5 mol keessa atomoota Fe meeqatu jira?
Furmaata
1mol Fe = 6.02 x 1023 atoomota Fe
0.5 mol Fe = ?
Lakkoofsa atomoota Fe = 0.5mol Fe x 6.02 X 1023 atoomota Fe
1 mol Fe
= 3.01 x 1023 atoomota Fe tu jira.
Hub: Lakkoofsi atoomota N 14g keessaa atoomota 6.02 x 1023 jira.
Lakkoofsi atoomota Fe 56g keessaa atoomota 6.02 x 1023 jira.
Gilgaala ; Lakkoofsa atoomota hayidiroojinii fi kaarbonii kan gilukoosii
( C6H12O6) moolii tokko keessaa shallagi.
Lakkoofsi moolii wanta tokkoo hanga wantichaa, hanga moolawaa isaatiif hiruun argama.
Lakkoofsa moolii (n) = Hanga kenname(m)
Hanga moolawaa(M)
n = m/M
Fakkeenya: kaalisiyemii (Ca) moolii 2.0 keessa, kaalisiyemi giraama meeqatu jira?
Furmaata
1 mol Ca = 40g ( MCa = 40 g/mol)
m = n x M = 2.0mol x 40 g/mol
m = 80g
Gilgaala: Hanga soodiyeem karbooneetii (Na2CO3) moolii 4 shallagi.

  1. Hariiroo mool-moolii wal qixxaatoota keemikaalaa keessatti
    Moolii beekamoo (kenname) walnyaatoota ykn firii irratti hunda’uun kan hin beekamne shallaguun ni danda’ama.
    Fakkeenya: Amooniyaa moolii 16 oomishuuf hamma moolii naayitroojinii barbaachisu shallagi.
    Furmaata
    x 16mol
    N2 + 3H2 2NH3
    1mol 3mol 2mol
    (“x” moolii N2 barbaachisu iddoo bu’ee dha.)
    X x 2mol NH3 = 1mol N2 x 16mol NH3
    X = 1mol N2 X 16mol NH3
    2mol NH3
    = 8mol N2 barbaachisa
    Gilgaala
    a) Beenziinii (C6H6) mooliin 3 oksijinii wajjin walnyaachuun hamma moolii H2O oomishamu shallagi.
  2. Hariiroo hanga- hangaa walqixxaattoota keemikaalaa keessatti
    Fakkeenya: Walnyaatinsa C6H12O6 + 6O2 6CO2 + H2O irratti yoo C6H12O6 giraamni 856 Oksijinii wajjiin walnyaate hanga CO2 oomishamu shallagi.
    Furmaata
    856 gm X
    C6H12O6 + 6O2 6CO2 + 6H2O
    (1x180gm/mol 6 x 44gm/mol
    X x 180 gm/mol C6H12O6 = 856 gm C6H12O6 x 264gm/mol CO2
    X = 856 gm C6H12O6 x 264 gm/mol CO2
    180 gm/mol C6H12 O6
    X = 1.25 x 103gm CO2 Oomishama.
    Gilgaala
    a) Mitaanooliin qilleensa keessatti akka armaan gaditti boba’a
    2CH3OH + 3O2 2CO2+ 4H2O
    Yoo mitaanoolii 209 gm oksijinii keessatti gubate, hanga H2O oomishamu meeqa ta’a. ?
  3. Hariiroo moolii- hangaan wal-qixxaatoota keemikaalaa keessatti
    Fakkeenya: Hangi CaCO3 diigamuun CO2 moolii 3 oomishuuf barbaachisu meeqa?
    Furmaata: wal-qixxaatoota keemikaalaa madaalame barreessuun
    X 3 mol
    CaCO3 CaO + CO2
    100gm CaCO3 1mol CO2
    X x 1mol CO2 = 100gm CaCO3 x 3mol CO2
    X = 100 gm CaCO3 x 3mol CO2
    1 mol CO2
    X = 300 gm CaCO3 diigamuu qaba.
    Gilgaala
    Hamma moolii haayidirojinii NH3 moolii 12 Oomishuuf barbaachisu shallagi.
    Wal-nyaatinsa armaan gadii irratti hundaa’uun:
    2NO (g) + O2(g) 2NO2(g)
    O2 moolii 0.254 yoo wal-nyaate NO2(g) moolii meeqatu Oomishamu ?
    Yoo 1.44gm NO (g) wal-nyaate hangi NO2(g) oomishamu shallagi.
  4. Wal- nyaattota Dhaaboo (Limiting Reagents)
    Wallnyaatinsa keemikaalaa keessatti yeroo hedduu walnyaattootni gosa lamaan argamu. Isaanis : Walnyaattoota dhaaboo fi walnyaattoota irra darboo dha.
    Walnyaattoota Dhaaboo: Jalqaba kan xumuramanii fi firii walnyaatota irraa argamu kan murteessanii dha.
    Walnyaattoota Irra darboo: Walnyaatinsa keessatti walnyaatoota dhaaboo hunda wajjin walnyaatee irra darbee irraa kan hafuu dha .
    Fakkeenya: Yuuriyaan, (NH2)2CO, kan oomishamu NH3 fi CO2 walnyaachisuun
    2NH3 + CO2 ( NH2)2CO + H2O
    Adeemsa tokko keessatti NH3 637.2g fi CO2 1142g wajjiini yoo walnyaate,
    a.Walnyaattoo dhaaboon isa kami ?
    b. Hangi (NH2)2CO oomishamu meeqa ta’a ?
    c. Hammi walnyaatto irra darboo giraamii meeqa ta’a?
    Furmaata a. Hanga NH3 fi CO2 kennametti fayyadamuun hanga (NH2)2CO oomishamu dabaree dabareen shallaguun waalnyaattoo dhaboo fi irra darboo adda baasuun ni danda’ama.
    Hanga NH3 fayyadamuu hanga (NH2)2CO oomishamu shallagi.
    637.2 g x
    2NH3 + CO2 ( NH2)2CO + H2O
    637.2 g/34g/mol = X/60g/mol
    X= 1124.12g (NH2)2CO oomishama.
    Hanga CO2 fayyadamuun hanga (NH2)2CO oomishamu shallagi.
    1142 g X
    2NH3 + CO2 ( NH2)2CO + H2O
    1142/44g/mol = X/60g/mol
    X=1557.27g (NH2)2CO oomishama.
    Walnyaattoota keessaa inni firii xiqqaa oomishu walnyaattoo dhaaboo dha. Kanaaf, hamma firii kan murteessu (walnyaattoo dhaaboon) NH3 dha.
    b. Hangi (NH2)2CO oomishamuu danda’u 1124.12g qofaa dha.
    Kana jechuun, NH3 walnyaatota dhaaboo yemmuu ta’u CO2 immoo walnyaatoota irra darboo dha.
    c. Hamma walnyaatota irra darbee hafu beekuuf hanga CO2, yuuriyaa 1124.12 g oomishuuf itti fayyadamne shallaguun isa irra hafe isa duraa irraa hir’isuun argama.
    X 1124.12g
    NH3(g) + CO2 (g) (NH2)2CO + H2O
    44g/mol 60g/mol
    X= 44gm/mol CO2 x 1124 gm (NH2)2CO
    60 gm/mol (NH2)2 CO
    X = 824.35g
    CO2 824.35g itti fayyadamne, kanaafuu walnyaattoon irra darbee hafe
    = 1142gm – 824.35g.
    = 317.65g dha.
    Gaaffii
    Al giraamii 124 fi Fe2O3 giraama 601 akka armaan gaditti walnyaachuun Al2O3 fi Fe yoo uuman,
    2Al + Fe2O3 Al2O3 + 2Fe
    a. Hanga Al2O3 Oomishamu shallagi
    b. Hangi walnyaattoo irra darbee walnyaatinsa keessatti hafu giraamii
    meeqa ta’a?
  5. Bu’aa Tiyooretikaalaa, Bu’aa Qabatamaa fi Dhibbantaa bu’aa
    Bu’aan tiyooretikaalaa bu’aa yemmuu walnyaattotni dhaaboo hundi walnyaatiinsa keessatti hirmaatan argamuu dha. Bu’aa qabatamaa bu’aa dhugumaan walnyaatiinsa keemikaalaa irraa argamuu dha. Bu’aan tiyooretikaalaa yeroo hunda bu’aa qabatamaatii olii dha. Bu’aan qabatamaan yaalidhaan mirkanaa’ee kan ibsamuu dha. Keemistootni ga’umsa bu’a walnyaattota irraa argamu murteessuuf dhibbantaa bu’aatti fayyadamu. Hariiroon isaanitis akka armaan gadiitti ibsama.
    Dhibbantaa bu’aa = Bu’aa qabatamaa X 100%
    Bu’aa tiyooretikaalaa
    Fkn Koopparii 99.8 g waalgaa gahaa keessatti gubuun Cu2S 80 g yoo oomishame, dhibeentaa bu’aa shallagi (Cu = 64, S = 32 )
    2Cu(s) + S(s) Cu2S(s)
    Kennama : Bu’aa qabatamaa = 80 g
    Bu’aa tiyooretikaalaa akka armaan gadiitti arganna.
    Hanga moolawaa(M) Cu2S = 2×64 + 1×32 = 160 g/mol
    Hanga(m ) Cu2S = Kofishantii Cu2S x M Cu2S x mCu
    Kofishantii Cu x MCu
    = 1x160g/mol x 99.8g = 124.75g
    2 x 64 g/mol
    Bu’aan tiyooretikaalaa = 124.75g dha.
    Dhibbeentaa bu’aa = Bu’aa qabatamaa X 100%
    Bu’aa tiyooretikaalaa
    = 80g x 100%
    124.75g
    =64.13%
    BOQONNAA JAHA
    FAALKAALEE FIIZIKAALAWAA MAATERII
    6.1 Seensa
    Tempireecharaa fi dhiibbaa irratti hundaa’uun maateriin faalkaalee sadiin argama. Isaanis :
    Jajjaboo
    Dhangala’oo fi
    Gaasii dha.
    Garaagarumman isaanii walitti siquu fi waliirraa siiquu ruuqooleetiin ibsamuu ni danda’a. Jijjiiramni faalkaalee maaterii jijjirama fiizikaalaa ti. Maateriin haalota adda addaa keessatti faalkaalee fiizikaalaa adda addaatiin jiraachuu ni danda’a. Fakkeenyaaf, bishaan akka cabbiitti (jajjaboo), cabbiin yoo baqe (dhangala’oo) fi dhangala’oon yoo hurke (gaasii) n argamu. Amalli gaasiin jajjaboo fi dhangala’oo irraa adda ittiin bahu keessaa tokko dandeettii sumuugamuu fi babal’achuu qabaachuu isaati.
  6. Faalkaa Gaasii
    Gaasiin faalkaalee sadan keessaa tokko ta’ee kan bocaa fi qabee murtaa’aa hin qabnee dha. Kana jechuun gaasiin boca meeshaa itti naqamee sana qabaata jechuu dha. Fkn gaasotaa H2, N2, Cl2, F2, CO2, SO2, SO3, NO2, NO, fi kkf dha. Suudowwan gaasii baay’ee addaan fagaatanii argamu.
    . . . . . . . . . . . . .
    . . . . . . . . . . . . . . . .
    . . . . . . . . . . . . . . . .
    . . . . . . . . . . . . . . . .
    Fakkii suudowwan gaasii addaan fagaatanii argamuu isaanii agarsiisu.
    Tiyoorii kaayinatiksii Molakulaaraawaa
    Tiyooriin amaloota gaasii yaadaa ifa taasise, tiyoorii kayinatiksii molakulaaraa kan jedhamu fi yaada bu’uuraa armaan gadii kan hammatuu dha. Isaanis:
    Gaasiin suudoowwan baay’ee xixiqqoo molakiyuulii jedhaman of keessaa qaba. Molakiyuulotni gaasotaa sochii addaan hin citnee fi walabaa’aa ta’e irratti argamu.
    Molakiyuulotni gaasotaa fageenya jidduu isaanii jiru wajjiin yoo walbira qabaman baay’ee xixiqqoo kan ta’anii fi qabeen isaanii zeerootti dhiyata.
    Humni molakiyuulota jidduutti akka hin jirretti fudhatama.
    Dhiibbaan gaasii qodaa tokko keessa jiruu kan irraa maddu walitti bu’iinsa mlakiyuulotni gaasii jidduu isaanii fi qodaa keessa jiran wajjin taasisan irraayi dha.
    Jiddugaleessi anniisaa sochii molakiyuulotaa tempireechera kelviinii wajjiin hariiroo sirrii kan qabuu fi molakiyuulota gaasii hundaafuu walqixa kan ta’e dha.
    Amaloota waliigalaa Gaasotaa
    Gaasotin amaloota waliigalaa kannen armaan gadii qabu:
    Bocaa fi qabee murtaa’aa hin qaban.
    Sochii sirna dhabeessa ta’e keessatti kan argamnii dha.
    Qindoomina salphaa qabu.
    Ruqooleen gaasii adda fagaatanii argamu. Kanaafuu, humna alaa itti dabaluun walitti butuun
    qabee xiqqaa akka qabaatan gochuun ni danda’ama.
    Amala babal’achuu fi summuugamuu ol aanaa qabu.
    Rukkina gadi aanaa qabu.
    Ni tamissa’u
    Dhiibbaa wantoota irratti geessissuu fi kkf dha.
    Hub: faalkaaleen fiizikaalaawaa maaterii kan irratti hunda’u, tempireechara, dhiibbaa naannoo jiru fi cimina humna walharkisa ruqoolee wantoota gidduu jiru irratti dha.
    Safartoota Fiizikaalaawaa Gaasotaa
    Faalkaan gaasii faalkaalee fiizikaalawaa maaterii biroo irraa amaloota ittiin addaan bahu hedduu kan qabu ta’uu ibsameera. Amaloota fiizikaalawaa gaasotaa safaruuf safartoota fizikaalawaa armaan gadiitiin ibsamu. Isaanis: qabee(v), dhiibbaa(p), dempireechara(T), lakkoofsa moolii(n) fi kkf dha.
    a) Qabee(v): Qabeen gaasii yeroo baay’ee liitiraan ykn miililitiraan ykn kuubik seentimetirii ykn kuubikmetirii fi kkf ibsama. Yunitii waaltawaan qabee kuubikmetirii (m3)dha.
    1L= 103ml =103cm3 =10-3m3 fi 1ml= 10-3 L
    b) Dhiibbaa(p): Dhiibbaan gaasii miiliimetira meerkurii ykn atomosferaan ykn paaskaalii fi kkf ibsamuu ni danda’a. Yuunitii waltawaan paaskaalii (Pa) dha.
    1atm=760mmHg=760torr=76cmHg=1.013x105pa
    c) Tempireechara(T): Tempireecharri gaasota digirii selshiyesii ykn digirii faaranaayitii ykn kalviniin kennamuu danda’a. Haa ta’u malee yuunitiin waaltawaan tempireecharaa kaliviini (K) dha.
    K = 0c + 273
    Hub: Yeroo shallaggi tempireecharri kaliviinin ta,uu qaba.
    d)Lakkoofsa moolii(n): Lakkoofsi moolii hanga gaasii kenname hanga moolawaa gaasiichaaf hiruun argama.
    Lakkoofsa Moolii (n) = Hanga kenname(m)
    Hanga moolawaa (M)
    n=m/M
  7. Faalkaa dhangala’oo
    Maateriin faalkaalee gaasii, dhangala’oo fi jajjabootiin akka argamu jalqaba boqonnichaa irratti ibsamee jira. Faalkaan dhangala’oo akka jiddugaleessa faalkaalee gaasii fi jajjabootti ilaallama. Dhangala’oon jireenya namaatiif murteessa dha. Fakkeenyaaf, nyaatni dalagaa qaama keenyaatiif barbaachisu dhangala’oon bulbulamee dhangala’ichaan baatamuun seelota qaama keenyaa bira gaha.
    Fakkeenya: dhangala’oowwan naannoo keenyaatti argamanii bishaan, alkoolii, lallaafaa, biiraa fi kkf dha. Tempireechara dareetti, elementootni lama akka dhangala’ootti argamu. Isaanis biromiinii fi meerikurii dha. Elementootni kanneen lamaan armaan olii irraa hafan hundinuu gaasota ykn jajjaboowwanii dha.

Fakkii addaan fageenyi suudowwan dhangala’oo akka giddu-galeessa suudowwan gaasii fi jajjabootti argamuu isaanii agarsiisu.

Amaloota Dhangala’oowwanii
Molakiyuulota keessa humnootni walharkisaa jiraachuun caasaa dhangala’ootiif sababa ta’uu isaa ilaaluuf yaalleerra. Kutaa kana keessatti ammoo amaloota dhangala’oowwanii ilaalla.
Dhangala’oowwa qabee murtaawaa qabu. Haa ta’u malee boca murtaawaa hin qaban. Sababiin isaas ciminni humnoota molakiyuulota dhangala’oo jidduu jiran kannen molakiyulota jajjaboo jiddu jiranii gadi waan ta’eef.
Gaasota caalaa rukkina olaana abu. Rukkinni walitti dhiyeenya ruqoolee wantootaa wajjiin hariiroo qabu. Ruqooleen dhangala’oowwaani kanneen gaasii caalaa waan walitti siqanii jiraniif gaasota caalaa rukkina ol aanaa qabu.

  1. Summuugamuu
    Dhangala’oon qabatamaan hin summuugamu, sababiin isaa iddoo duwwaan malakiyuulotaan hin qabamne jidduu molakiyuulota dhangala’oo waan hin jirreefii dha.
    Fakkeenya: Bishaan qaruuraa liitira tokko qabatee argamu akka summuugamu gochuun dabalataan bishaan qaruurichatti akka itti guutamu gochuun hin danda’amu. Inni kunis dhangala’oon summuugamuu akka hin dandeenye ibsa.
  2. Tamsa’ina Dhangala’oo
    Tams’ina dhangala’oo hubachuuf, bishaan keessatti qalama cobsuun wanta ta’u daawwadhu. Qalamni suuta bishaan keessa faca’uun halluu bishaanii jijjiira. Kun kan agarsiisu, dhangala’oon suuta kan tamsa’u ta’uu isaa ti.
  3. Humna falmii yaa’insa dhangala’oo (Viscosity)
    Humni falmii yaa’insa dhangala’oo, dandeettii yaa’uun mormuu dhangala’oo tokkoo ti. Humni falmii yaa’insa dhangala’oo humna walharkisa molakiyulotaa irratti hundaa’a.
  4. Falmii Dirraa (surface tension)
    Dhangala’oo keessa, molakiyuulotni jidduu keessa jiran kallattii hundaan molakiyuulota birootiin waan harkifamaniif humni hin madaalamne, kan irratti dalagaa’u hin jiru. Molakiyuulota dirra dhangala’oo gubbaa irra jiran garuu, humna hin madaalamneen jidduu dhangala’ootti gadi harkifamu. Kanaafuu bal’inni dirra dhangala’ichaa akka hir’atu taasisfama. Humni faallaa, humna dirra dhangala’oo hir’isuu irratti dalagaa’u falmii dirraa jedhama.
  5. Faalkaa jajjaboo
    Jajjaboon faalkaalee sadan jiran keessaa tokko ta’ee faalkaalee hunda caalaa suudowwan isaanii baay’ee walitti siqanii kan jiranii dha. Fkn dhakaa, muka, sibiila ayiranii, boronqii fi kkf dha.

Fakkii suudowwan jajjaboo baay’ee walitti siqanii argamuu isaanii agarsiisu.
Amaloota waliigalaa jajjaboo
Jajjaboowwan amaloota waliigalaa armaan gadii qabu:
A) Humni wal harkisaa ruqoolee jajjaboo jidduu jiru cimaa ta’uun isaa jajjaboon boca fi qabee mata isaa akka qabatu isaan taasisa.
B)Humni wal harkisaa kun ruqoolee jajjaboo akka walitti siiqanii taa’an waan godhuuf, iddoo
duwwaan ruqoolee jajjaboo jidduu hin jiru. Kanafuu dhiibbaan yoo dabalamees, jajjaboon
sumuuggamuu hin danda’u.
C) Sababa cimina humna harkisa jajjaboowwan jidduu jiru irraa kan ka’e qabee murtaawaa qabu.
D) Suudowwan jajjaboo baay’ee walitti dhihaatanii waan jiraniif walkeessa darbanii wal makuu hin danda’an.
E) Faalkaalee hunda caalaa rukkina ol aanaa qaba.
F) Jajjaboon yaa’uu hin danda’u.
G) Jajjaboowwan heddu boca sirnaawaa qabu.

BOQONNAA –7
QAAMOLEE SAFARTAMOO FIIZIKAALAA FI SAFARA ISAANII
SEENSA
Leenjifamtootaa! Boqonnaan kun qaamolee safaratamoo fiizikaalaa, qaamolee safartamoo kalqabee fi kal-dhabee, kal-qabee ida’uu fi hir’isuu of keessatti kan qabate dha. Kanaafuu, xumura boqonnaa kanaa irratti hubannoo waa’ee qaamolee safartamoo fiizikaalaa, kalqabee fi kaldhabee akkasumas ida’uu fi hir’isuu sirnaan ni arggattu jennee abdii qabna.
Kaayyoo Boqonnaa kanaa
Xumura boqonnaa kanaa irratti leenjifamtootni:
 Qaamolee safartamoo fiizikaalaa garee qaamolee safartamoo fiizikaalaa bu’uuraa fi shallagamootti ni qoqoodu.
 Qaamolee safartamoofiizikaalaa kal-qabee fi kal-dhabee jalatti ni ramadu..
 Kalqabeewwan walitti ni ida’u.
 Kalqabeewwan walirraa ni hir’isu.

  1. Qaamolee Safartamoo Fiizikaalaa fi Safara Isaanii
    Gochaa 7 Leenjifamtootaa!
    Qaamolee safaratamoo fiizikaalaa jechuun maal jechuu akka ta’e irratti marii’adha. Qaamolee fiizikaalaa safaramuu hin dandeenye jiruu? Ibsi.
    Safaruu jechuun maal jechuudhaa?
    Qaamolee fiizikaalaa safaruuf maalfaatu barbaachisaa?
    Qaamolee safartamoo fiizikaalaa haala yuunitii waaltawaa isaanii irratti hundaa’uudhaan bakka meeqatti qoodinaa? Isaan hoo?
    Qaamolee safartamoo fiizikaalaa hammaa fi kallattii irratti hundaa’uudhaan bakka meeqatti qoodinaa? Isaan hoo?
    Waantotni fiiziksii ijaaruuf gargaaran qaamolee fiizikaalaa yommuu jedhaman seerotni fiiziksii isaan irratti hundaa’uun ibsamu.
    Hiika: Lakkoofsi kamiyyuu ykn tuutni lakkoofsotaa taatee fiizikaalaa hammangeedhaan ibsuuf gargaaran qaama fiizikaalaa jedhama.
    Qaamoleen fiizikaalaa lakkoofsaa fi yuuniitiidhaan ibsamuu danada’an Qaamolee safartamoo fiizikaalaa jedhamu. Qaamoleen kunniin bakka bu’ee (symbol) mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf: Dheerina, Yeroo, Qabee, Humna fi k.k.f
    Safaruu jechuun hamma waanta tokkoo sirnaan beekuuf safartuu isa ibsuun kaa’uudha. Kana jechuun qaama safartamaa fiizikaalaa sana yuunitii isaa bira qabuun ykn waliin madaaluun ibsuudha. Qaamoleen safaramoon fiizikaalaa yuuntii waltawaa mataa isaanii qabu. Kanaafuu yuunitii mataa isaaniin ibsuu jechuudha.
    7.1. Qaamolee Safartamoo Fiizikaalaa Bu’uuraa fi Shallagamo
    Qaamoleen safartamoon fiizikaalaa haala yuuniitii isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoonnee ilaaluu ni dandeenya. Isaanis:- Safartamoo bu’uuraa fi shallagamoo dha.
    7.1.1. Qaamolee Safartamoota Fiizikaalaa Bu’uuraa
    Leenjifamtootaa! Mee hiriyyoottan keessan waliin wal marii’achuun qaamolee safartamoota bu’uuraa fi yuunitii waaltawaa isaan ittiin safaramani tarreessaa.
     Qaamoleen safartamoo fiizikaalaa bu’uuraa kanneen safartuu mataa isaaniitiin kallatumaan saframaniidha. Kana jechuun yuuniitiin isaanii yuunitoota qaamolee safartamoo biroo walitti qindeessuun hin argamnedha. Qaamoleen safartamoo bu’uuraa yuunitii bu’uuraan ibsamu. Walumaa galatti, qaamoleen safartamoo bu’uuraa baay’inaan toorba yommuu ta’ani yuunitii waaltawaa isaanii waliin akkaataa armaan gadiin ibsamuu ni danda’u.
    Gabatee Qaamolee safartamoo bu’uuraa fi yuunitii waaltawaa isaanii agarsiisu
    T/L Maqaa qaamolee
    safartamoo bu’uuraa Iddoo bu’ee qaamolee safartamoo bu’uuraa Maqaa yunitii waaltawaa safartamoo bu’uuraa Iddoo bu’ee yunitii safartamoo bu’uuraa
    1 Hanga M Kiiloogiraamii Kg
    2 Yeroo T Sekondii s
    3 Dheerina L Meetira m
    4 Kaarentii elektirikii I Ampeerii A
    5 Hamma waantotaa – Moolii mol
    6 Tempireechera T Kalviinii K
    7 Cimina ifaa I Kandeelaa Cd
    Kanneen gabatee armaan olii keessa jiran keessaa hanga, yeroo fi dheerinni parameetiroota bu’uuraa makaaniksii jedamu.
    7.1.2. Qaamolee safartamoota fiizikaalaa shallagamoo
     Qaamolee safartamoota fiizikaalaa shallagamoo kanneen jedhaman qaamolee safartamoota bu’uuraa lamaa fi isaa ol irraa bifa shallaggiin/herregan kanneen argamani yommuu ta’ani yunitii waltawaa shallagamaan safaramu.
    Fakkeenya: Saffisa, Bal’ina, Dalagaa, Aangoo, Humnaa fi k.k.f
    Yunitiin qaamolee Fiizikaalaa safartamoo shallagamoo, yunitii shallagamoo jedhamu. Fakkenyawwan armaan olii irratti yunitiin isaanii wal-duraa duubaan, m/s, m/s, m/s2, N, m2, m3, ta’u.
    Leenjifamtootaa! Qaamolee safartamtoota fiizikaalaa shallagamoo biroo kudhan tarreessuun qaamolee safartamtoota bu’uuraa isaan irraa shallagaman waliin ibsaa.
    7.2. Qaamolee safartamoota fiizikaalaa kal-dhabee fi kal-qabee
    Qaamolee safartamootaa fiizikaalaa kallattii qabaachuu fi qabaachuu dhabuu isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Isaanis: kal-qabee fi Kal-dhabee jedhamu.
    7.2.1. Qaamolee safartamoota fiizikaalaa kal-dhabeewwan
    � leenjifamtootaa! Qaamolee safartamoota fizikaalaa kaldhabeen maaliin ibsamu?
    Qaamoleen safartamoo fiizikaalaa hamma qofaan ibsaman kal-dhabee jedhamu. Fkn: Fageenya (s), saffisa (v), bal’insa (A), qabee (v), rukkina (), Annisa (E), aangoo (P) fi kkf.
     Ida’uu fi hir’isuu kaldhabeewwanii ida’uu fi hir’isuu lakkoofsotaa waliin waan wal fakkaatuuf, bifa salphaa ta’een raawwatama.
    Shaakalaa
    i. Uleen meetiraa tokko shiboo 5m dheratu safaruu danda’a, uleem meetiraa biroon immoo shiboo 25cm dheertu safaruu kan danda’u yoo ta’e uleewwan meetiraa lameen dheerina isaaniin yoo walitti dabalamani shiboo dheerinni isaa hangam ta’e safaruu danda’uu?
    ii. Waantootni lama m1=12kg fi m2=16kg qaban madaallii hangaa tokko irra yoo kaa’amani dubbisni madaallii hangaa meeqa ta’aa?
    iii. Guyyaan sadii sekondiidhaan yommuu ibsamu meeqa ta’aa?

7.2.2. Qaamolee safartamoota fiizikaalaa kal-qabeewwan
Qaamolee Safaratamoo fiizikaalaa hamma fi kallattiin ibsaman, kal – qabeei jedhamu.
Fakkenya: Humna, Guula, Ariitii fi k.k.f
� leenjifamtootaa!

  1. Garaagarummaa fi wal fakkeenyi qaamolee safartamoo fiizikaalaa kal-dhabeeyyii fi kal qabeeyyii gidduu jiru maal ta’a jettanii yaadduu?
  2. Mee qaamolee safartamoota fiizikaalaa shallagamoo kal-qabee kudhan tarreessuun garagarummaa isaan qaamolee safartamoota fiizikaalaa kal-dhabee waliin qabani irratti marii gaggeessaa.
    Walumaa galatti hariiroon qaamolee safartamoo fiizikaalaa kal-qabee fi kal-dhabee gidduu jiru hima herregaan yommuu ibsamu:
    ta’a.
    7.3. Qaamolee Safartamootaa Kal-qabee Bakka Buusuu
    Kal-qabeewwan kal-dhabeewwan irraa addaan baasuuf karaalee gurguddoo armaan gadiin bakka buufamuu/ibsamuu/ ni danda’u
    Kal-qabee karaa lamaan bakka buusuun ni danda’ama. Isaanis karaa giraafii fi analayitikiitiin.
    7.3.1. Kal-qabee karaa giraafiitiin bakka buusuu
    Kal-qabee karaa giraafiitiin ibsuudhaaf kal-qabee kenname sarara qajeelaa karaa tokkoon xiyya qabuun bakka buusuudha. Fakkeenyaaf kal-qabee “A” haala aramaan gadiitiin giraafiidhaan ibsina.

Akka sarara armaan olii irraa hubannutti dheerinni sararaa hamma kal-qabee yommuu ibsu, mataan xiyyichaa kallattii kal-qabichaa ibsa.
 Kal-qabee giraafiin yommuu ibsuun iddoon jalqaba isaa eegee yommuu jedhamu iddoon xumuraa immoo mataa jedhama.

7.3.2 Kal-qabee karaa analayitikiitiin bakka buusuu
Kal-qabee karaa analayitikiitiin ibsuudhaaf qubee kal-qabee kenname bakka bu’e mataa isaa irra xiyya ( ) kahun ykn qubee sana gurraachessanii barreessuudha.Fakeenyaaf kal-qabee A haala armaan gadiitiin analayitikiidhaan ibsina. ykn A tiin ibsama.
7.4. Ida’uu fi Hir’isuu Kal-qabeewwanii
Kal-qabeewwan callisanii akka lakkoofsotaatti seera aljebiraa gargaaramuun ida’uu fi hir’isuun hin danda’amu. Sababni isaa kal-qabeewwan ida’uu fi hir’suudhaaf hammaa fi kallattii isaanii irratti waan hundaa’uuf.
7.4.1. Ida’uu Kal-qabeewwanii
Kal-qabeewwan karaa lamaan ida’uun ni danda’ama. Isaanis: karaa giraafii fi analayitikiitiin.
Hub. Kal-qabeewwan zeeroo irraa adda ta’ani lamaa fi isaa ol walqixxa kan ta’an ulaagaalee armaan gadii sadan altokkotti yoo guutanidha.

  1. Hammaan yoo walqixa ta’an;
  2. Kallattii tokko irra yoo ta’an;
  3. Qaama safartamoo fiizikaalaa gosa tokko yoo ta’anidha.
    7.4.1.1. Karaa Giraafiitiin Kal-qabeewwan Iida’uu.
    Karaa giraafiitiin kal-qabeewwn ida’uudhaaf qal-qabeewwan sarara qajeelaa karaa tokkoon xiyya qabuun bakka buufamuu qabu. Kal-qabeewwan karaa giraafiitiin ida’uudhaaf mala rog-sadee fi paraleeloogiraamiitti gargaaramuun ida’uun ni danda’ama.
    a. Mala rog-sadee gargaaramuun kal-qabeewwan walitti Ida’uu
    Mee A fi B,n kal-qabeewwan zeeroo irraa adda ta’anii haa jennu. Akkaataan taa’umsa isaanis akkuma armaan gadiiti. A B

B, A irratti ida’uu yoo barbaanne, duboo (tail) B, mataa (head) A otuu hammaa fi kallattii isaa hin jijjiiriin keenya.
Ida’ama isaanii argachuuf sarara sirrii xiyyaa qabuun, eegee (tail) A irraa ka’uun mataa (head) B tti wal-qabsiisuun dha. Mee sarara xiyyaa qabuu kana C dhaan bakka haabuufnu. C,n ida’ama kal-qabeewwanii A fi B ta’a.

Bifa armaan oliin taa’umsa isaati malee battalatti hamma (magnitude) ida’ama isaanii arganne jechaa miti. Kanaaf immoo maloonni adda addaa ni jiru.
Hub. Kal-qabeewwan karaa giraafiitiin yommuu idaanu hammaa fi kallattii isaanii osoo hin jijjiiriin sararuu qabna.
Shaakala:
Adeemsa armaan olii hordofuun kal-qabeewwan armaan gadii mala giraafiin walitti ida’i

b. Mala paraleeloogiraamii gargaaramuun kal-qabeewwan ida’uu
Mee A fi B,n kal-qabeewwan zeeroo irraa adda ta’anii haa jennu. Akkaataan taa’umsa isaanis akkuma armaan gadiiti.

Duraan dursuun duboowwan kal-qabee A fi B erga wal-qabsiifamaniin booda isaan irratti hundaa’uun haala armaan gadiitiin paraleeloogiraamii ijaaruudha.
Kal-qabeewwan A fi An akkasumas B fi B wal-qixa.

Iddoo duboowwan kal-qabee A fi Bn walqabsifamanii sarara siirrii xiyya qabuun diyaagonaalii paraleeloogiraamii haala armaan gadiitiin uumuudha.
C = A + B

Akka paraleeloogiraamii armaan olii irraa hubatamutti diyagonaliin paraleeloogiraamii ida’ama kal-qabeewwan A fi B ti.
Karaa giraafiitiin kal-qabeewwan yommuu ida’aman hamma ida’ama kal-qabeewwanii fi kofa inni uume pirotiraaktera gargaaramuun yoo safarameen alatti haala salphaadhaan argachuun hin danda’amu.
Mala pooligoniinii gargaaramuun kal-qabeewwan haala kamiin akka ida’aman barsiisaa kee waliin irratti mari’adhu.

7.4.1.2 Karaa Analayitikiitiin Kal-qabeewwan Ida’uu
Kal-qabeewwan karaa analayitikiitiin ida’uudhaaf hammaa kal-qabeewwanii fi kofa isaan uuman irratti hundoofna. Kal-qabeewwan karaa analayitikiitiin ida’uudhaaf malleen paraleeloogiraamii fi qoodamaatti gargaaramuun ni danda’ama.
a. Mala paraleeloogiraamiitti gargaaramuun kal-qabeewwan ida’uu
Mee A fi B, n kal-qabeewwan lama zeeroo irraa adda ta’an haa jennu. Kofti A fi B gidduu immoo  haa jennu. Gatiin , 0 ≤  ≤ 2 ta’a. Yommuu barreeffamu,  < A , B > ta’a. < A , B > yommuu dubbifamu teettaan () kofa A fi B gidduu jedhama.
Haaluma kanaanis,

Sarara sirrii B waliin wal-qixa ta’e hamma fi kallattii otuu hin jijjiiriin eegee isaa mataa A irra haa keenyu. Achii boca paraleeloogiramii haa uumnu. Mataa A irraa immoo haa dheeresinu( Extend from head of A). Sarara sirrii xiyya qabu eegee ( tail) A irraa gara mataa B tti sarari. Sararri sirrii kun ida’ama kal qabeewwan A fi B ti.

                           B             C       B    h
                                                       P

Akka fakkii armaan olii irraa hubannutti ‘OMNL’ n paraleeloogiraamii dha.
Mee rog-sadee kofa sirrii ONP fudhachuudhaan teriyoomii Paatagorasitti akka armaan gadiitti haa gargaaramnu.
———- 1
Garuu n hamma kal-qabee C ( ), fi = waan ta’aniif himni 1ffaa haala armaan gadiitiin barreessuun ni danda’ama.
——– 2
Rog-sadee kofa sirrii LNP fudhachuudhaan seera saayinii fi koosaayinii gargaaramuun;
=  ——— 3
Garuu fi n hamma kal-qabee B ( waan ta’eef himni 3ffaa haala armaan gadiitiin barreessun ni danda’ama.
  ———– 4
 ——— 5
Garuu fi n hamma kal-qabee B ( waan ta’eef himni 5ffaa haala armaan gadiitiin barreessuun ni danda’ama.
  ——— 6
Hima 4ffaa fi 6ffaa hima 2ffaa keessa yoo galchinu;

Garuu waan ta’uuf;
———- 7
Hima 7ffaa irraa akka hubannutti hamma ida’ama kal-qabeewwan A fi B ti.
Kallattii ykn kofa() kal-qabee Cn kal-qabee A waliin uumu;
ta’uu agarsiis?
Mee hima 7ffaa irratti hundaa’uudhaan haalota armaan gadii haa ilaallu.
a. Yoo A B (paralaalii) ta’an,  = 00 waan ta’uuf cos 00 = 1 ta’a. Kanaafuu;
ta’a. (Agarsiis?)
b. Yoo A  B (Parendikulaarii) ta’an,  = 900 waan ta’uuf cos 900 = 0 ta’a. Kanaafuu;
ta’a. (Agarsiis?)
c. Yoo A B (faallaa) walii ta’an,  = 1800 waan ta’uuf cos 1800 = -1 ta’a. Kanaafuu;
ta’a. (Agarsiis?)
Fakkeenya

  1. Kal-qabeewwan lama kanneen hammi isaanii A = 8m fi B=6m ta’eef hamma ida’ama isaanii:
    a/ yoo kal-qabeewwan lameen perpendikulaarii waliif ta’ani shallagi
    b/ yoo kal-qabeewwan lameen waliif paralalii ta’anii shallagi
    Furmaata
    a.

.

b.

Shaakala:

  1. Kalqabeewwan lama kanneen hammi isaanii A=4cm fi B=3cm ta’eef hamma ida’ama isaanii:
    a/ yoo kofti gidduu kal-qabeewwan lameenii 370 ta’e shallagi
    b/ yoo kofti gidduu kal-qabeewwan lameenii 450 ta’e shallagi
    c/ yoo kofti gidduu kal-qabeewwan lameenii 1800 ta’e shallagi
    b. Kal-qabeewwan Mala qoodinsaan ida’uu
    Kal-qabeewwan mala qoodamaatiin ida’uun dura mee kal-qabee A diriiroo(plane) xy irra kaahuun qoodama isaa haala kamiin akka barbaadamu haala armaan gadiitiin haa ilaallu.

Fakkii armaan olii irratti hundaa’uun qoodama A kan sarara x irraa seera tiriginoomeetirii gargaaramuun yoo barbaannu;
Ax = A sin ta’a.
Qoodamni A kan sarara y irraa immoo;
Ay = A Cos ta’a.
Adeemsuma armaan olii hordofuun mee A , B fi D , n kal-qabeewwan zeeroo adda ta’a haa fudhannu. Akkaataan diriiroo (plane) xy jiranis akka dana (figure) armaan gaditti.
Y A
B
  X

C

A, n qooda lama qaba.
Ax = A cos  gara +x tti yoo ta’u, Ay = A sin  gara + tti ta’a.
Haaluma kanaanis B fi C, n qooda lama qabu.
Bx = B cos  gara -x tti yoo ta’u, By = B sin  gara +y tti ta’a.
Cx = C cos gara +x tti yoo ta’u, Cy = C sin gara –y tti.
Yoo qoodamoota kal-qabeewwan kanneen bakka tokkotti fidun, akka gabatee armaan gaditti ta’a.
Kal-qabee Qoodama x Qoodama y
A A cos  A sin 
B – B Cos B sin 
C C cos  -C sin 

Ida’amni kal-qabeewwan A, B fi C
R = Rx + Ry
Qoodni x bakka tokkotti yoo idaa’anu
Rx = ——- 1
Qoodni y bakka tokkotti yoo ida’amu.
Ry = ——- 2
Ida’amni
Hamma (magnitude) ida’amoota kanaa argachuuf
———– 3
Hima 1ffaa fi 2ffaa hima 3ffaa keessa yoo galchinu;

R, n ida’ama kal-qabeewwan, A, B fi C ti.
Fakkeenya:
1.Danaa armaan gadii irraa mala qoodamaa fayyadamuun “A” fi “B” walitti ida’i.

B= 40m Y A=50m

     β=600                       370              X        

Furmaata:
Ax = Acos = 50m cos370 = 50m (0.8) = 40m ta’a.
Ay = Asin = 50m sin370 = 50m (0.6) = 30m ta’a.
Bx = -Bcos = -40m cos600 = -40m (0.5) = -20m ta’a.
By = Bsin = 40m sin600 = 40m (0.87) = 34.8m ta’a.
Rx = = (40m – 20m) = (20m) x
Ry = (30m +34.8m) = (64.8m) y
A+B = (20m) x + (64.8m) y ta’a jechuudha.
Danaa walabaa armaan olii irratti hundaa’uun:
= = = 67.82m yommuu ta’u kallattii A+B argachuuf immoo:
 = kofa xiyya X fi xiyya A+B gidduu jiru agrsiisa ta’e
 = tan-1( = tan-1( = tan-1( 72.850 ta’uu isaa agarsiisa.
Shaakala:

  1. Qoodamni kalqaabee fi siiqqee y’ irratti =8m yoo ta’e hammi kal-qabee B meeqa ta’a?
  2. Danaa armaan gadii iratti mala qoodinsaa fayyadamuun |A+B+C| shallagi

7.4.2. Hir’isuu Kal-qabeewwanii
Kal-qabee A irraa kal-qabee B hir’isuu jechuun kal-qabee A tti faallaa kal-qabee B ida’uudha.
A – B = A + (-B)
Shaakala

  1. Kalqabeewwan lama C fi D ‘n yoo zeeroo irraa adda ta’ani Giraafii C-D kaasuun agarsiisi

Cuunfa Boqonnaa kanaa
 Qaamoleen fiizikaalaa lakkoofsaa fi yuuniitiidhaan ibsamuu danada’an Qaamolee safartamoo fiizikaalaa jedhamu.
 Qaamoleen safartamoon fiizikaalaa haala yuuniitii isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoonnee ilaaluu ni dandeenya.
 Uumama isaaniin qaamoleen safartamtoota fiizikaalaa Bu’uuraa fi shallagamoo jedhamuun iddoo gurguddoo lamatti qoodamu.
 Qaamolee safartamootaa fiizikaalaa kallattii qabaachuu fi qabaachuu dhabuu isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Isaanis: kal-qabee fi Kal-dhabee jedhamu.
 Kal-qabeewwan hammaafi kallattiin yommuu ibsaman kal-dhabeewwan immoo hamma qofaan ibsamu.
 Kal-qabeewwan hammaa fi kallattii isaanii irratti hundaa’uun walitti ida’uunii fi walirraa hir’isuun ni danda’ama.
 Amaloota Kal-qabeewwanii keessaa gurguddoon:

  1. Kal-qabeewwan zeeroo irraa adda ta’ani lamaa fi isaa ol walqixxa jedhamuuf hamman walqixa, kallattii tokko irraa fi qaama safartamoo fiizikaalaa tokko yoo ta’anidha.
  2. Ida’amni kal-qabeewwan zeeroo irraa adda ta’anii lamaa fi isaa olii kal-qabee biroo kenna.
    Porobileemota
  3. Kal-qabeewwan armaan gadii seera ida’uu kal-qabeewwanii eeguunii fi giraafiin agarsiisuun walitti ida’ii hamma kal-qabee dimshaashaa shallagi 2.Kalqabee A’n kan hammi isaa 200 yunitii diriiroo XY keessaan siiqqee ‘X’ irraa 370’n ol ka’ee yoo jiraate qoodinsa kal-qabeen A siiqqee X fi siiqqee Y irraatti qabu shallagi
  4. Kal-qabeem hammi isaa hin beekamne tokko diriiroo XY keessaan siiqqee Y irraa 530’n gadi jedhee kan jiru ta’ee qoodinsa siiqqee X=4 yunitii fi qoodinsa siiqqee Y=3 yunitii kan qabu yoo ta’e hamma kal-qabee hin beekamnee shallagi
  5. Kalqabeen M’n kofa 900 tiin siiqqee X irraa ol jedhe yoo jiraate:
    a) Qoodama kal-qabee M siiqqee X irratti shallagi.
    b) Qoodama kal-qabee M siiqqee Y irratti shallagi.
  6. Diyaameetiriin dachee tilmaamaan naannawaa 1.27x107m yoo ta’e:
    a/ Raadiyeesiin dachee miliimeetiriidhaan meeqa ta’aa?
    b/ Raadiyeesiin dachee kiiloomeetiriidhaan meeqa ta’aa?
    C / Diyaameetiriin dachee seentiimeetiriidhaan meeqa ta’aa?
  7. Danaa armaan gadii irratti hundaa’uun gaaffiilee itti aananii jirani hojedhu

a. |A+B+C| shallagi b.|A+B| shallagi c.|B-C| shallagi
d .|A-2C| shallagi f,|A+B-C| shallagi h.|2A-B+2C| shallagi
BOQONNAA –8

  1. SOCHII FI HUMNA
    Seensa Boqonnaa kana keessatti waa’ee sochii, sochii walfakkaataa daandii sirrii, sochii guula walfakkaataa, safartamoo fiizikaalaa kanneen akka, fageenyaa, qaxxaamuraa
    saffisa, ariitii, fi guulaa, sochii pirojektaayilii, humna, taatee humna, akaakuu humnaa fi
    seeroota sochii Niwutoonii ni barattu.
    Kaayyoo Boqonnichaa: Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni
     Sochii walfakkaataa fi sochii guula walfakkaataa daandii sirrii ni ibsu.
     Piroobleemoota sochii walfakkaataa fi sochii guula walfakkaataa daandii sirrii walqabatan ni furu.
     Gosoota humnaa fi tateewwan isaanii ni ibsu.
     Seeroota sochii Niwutoon ibsuu akkasumas Piroobleemoota seeroota sochii niwutooniin walqabatan ni furu.
     Amala, akaakuu fi taateewwan humna rigataani ibsu.

Sochii
� leenjifamtootaa! Sochiin maali?, Sochii daandii sirrii jechuun sochii akkamiitii?, Sochiin waantotaa maaliin ifuu danda’aa?
 Jijjiiramni bakkaa yeroo murtaa’e keessattii sochii jedhama.Qaamni tokko teessoo isaa yeroo murtaa’e keessatti yoo jijjiirrate ni socho’e jedhama. Karaa biroon immoo:
 Sochiin kal-tokkee sochii daandii sirrii irratti adeemsifamu dha. Wanti tokko saadhata dhaabbataa birootiin iddoo yoo jijjiirrate wantichi socho’e jedhama. Kanaafuu, sochii jechuun jijjiirama iddoo qaamni tokko saadhata qaama birootiin godhu jechuu dha.
Akaakuuwwan sochii Makaanikaalaa
Sochiin makaanikaalaa akaakuwwan garagaraa qaba. Isaaniis bakka afuriitti qoodamu.

  1. Sochii daandii sirrii: Sochii daandii sirrii fi qajeelaa irra adeemamuudha.
    Fakkeenyaaf konkolaataa daandii sirrii irra adeemu.
  2. Sochii daandii marfataa: Sochii daandii marfataa irratti gaggeeffamuu dha.
    Fakkeenyaaf sochii dacheen aduu irra marfattu.
  3. Sochii Martoo: Sochii qaamni tokko siiqqeedhabbataa irra naanna’uun raawwatuu dha.
    Fakkeenyaafsochii dacheen siqqee ishii irra naanooftu, sochii akeektuu sa’aatii
  4. Sochii hollannaa: Sochii duraa fi duubatti deddeebi’uun raawwatuu dha.
    Fakkeenyaaf sochii peendulamii, sochii cedheedha hangaa.
    Leenjifamtoota fakkeenya sochiiwwan makaanikaalaa kanneen biroo eera.
    Boqonnaa kana keessatti sochii daandii sirrii fi sochii pirojeektaayilii ilaalla.
    Hub: Iddoon bakka argama wanta tokkoo ti. Iddoon sadhaataan kan ibsamuu fi yeroodhaan kan jijjiiramuu danda’u dha
    Shaakala:
    �Leenjifamtootaa! Gochaalee armaan gadii irratti gareen marii’achuun waa’ee sochii fi saadhata sochii dareef gabaasa dhiyeessaa
  5. Konkolaataa uummata baatee imalaa jiruufi nama ala dhaabbatee konkolaaticha ilaalaa jiru
  6. Xiyyaara balalii’aa jiruufi nama dachee irra dhaabbatee ilaalaa jiru
     Sochii daandii sirrii keessatti qaamoleen akka yeroo, fageenya, qaxxaamura, ariitii, guulaa fi k.k.f qaamolee safartamoota akkaataa sochii waantichaa ibsuu danda’anidha.
    � Leenjifamtootaa! Garaagarummaa fi wal-fakkeenyi fageenyaa fi qaxxaamuraa maali?
    a. Fageenyaa fi Qaxxaamura
    Fageenya (s):
    Fageenyi:
     Adeemsa guutuu wanti tokko yeroo kenname keessati raawwachuu danda’u dha.
     Qaamolee safartamoo kal-dhabee yommuu ta’u yunitii waltawaa meetiriin safarama..
    Qaxxaamura(s):
    Qaxxaamurri:
     Iddoo jalqabaa irraa gara iddoo xumura sochii wanta tokkoo kan agarsiisu dha.
     Garaagarummaa iddoo xumuraa fi jalqaba sochii waanta tokkoo ti.
     Kal-qabee yommuu ta’u yunitii waltawaa meetiraan safarama.
     Sochii daandii sirrii keessatti fageenyii fi qaxxaamurri hammaan wal-qixa.
    Walumaa galatti hariiroon fageenyaa fi qaxxamuraa hima herregaan:
    Qaxxaamura = Fageenya + kallattii
    Garaagarummaa fageenyaa fi qaxxamura gidduu jiru sirritti hubachuuf fakkii armaan gadii ilaali.

A irraa ka’ee B bira gahuuf karaa sadiitu jira.Kamtu fageenya? Kamtu qaxxamura?
Barsiisaa fakkeenyoota adda addaa fudhachuun garaagarummaa fageenyaa fi qaxxamuraa sirriitti hubachiisi.
Fakkeenya: Magarsaan yommuu mana barnootaa deemu 30m gara bahaattii fi 20m immoo gara kaabaatti kan socho’u yoo ta’e:
a/ Hamma fageenya magarsaan deemuu shallagi
b/ Hamma qaxxaamura magarsaan deemuu shallagi
Furmaata:
a. |S|=|30m+20m|=50m
b. |S|= = m
Shaakala:

  1. Eebbisaan mana isaa irraa ka’ee gara bahaatti 200m, gara kaabaatti 300m, gara dhihaatti 500m fi 700m gara kibbaattigara kan socho’u yoo ta’e:
    a) Hamma Fageenya dimshaashaa shallagi.
    b) Hamma Qaxxaamura dimshaashaa shallagi.
    b. Saffisaa fi Ariitii
    Saffisa (v):
     Saffisni fageenya adeemame yeroo itti fudhateef hiruun kan argamu dha.
     Saffisni kal-dhabee yommuu ta’u bakka bu’een isaas qubee ‘V’ dha.
     Yunitii waltawaa m/s dhaan safarama

Hima herregaan yommu ibsamu:
Saffisa (V) ——————- (8.1)

⇒                                                            -------------------- (8.2)

Ariitii (V):
 Ariitiin qaxxaamura yeroo itti fudhateef hiruun kan argamu dha.
 Ariitiin kal-qabee yommuu ta’u bakka bu’een isaas dha.
 Yunitii waltawaa m/s dhaan safarama.
Hima Herregaanis yommuu ibsamu:
Ariitii ——————–(8.3)

 Walumaa galatti ariitii fi saffisni hariiroo hima herregaa armaan gadii qabu
Ariitii = saffisa + kallattii

Fakkeenya

  1. Konkolaataan fe’umsaa tokko fageenyaa 144km deemuuf daqiiqaa 80yoo itti fudhate, saffisa konkolaataa kanaa:
    a/ Km/hr dhaan shallagi
    b/ Yunitii waltawaan shallagi
    Kennamaa Barbaadamaa Furmaata
    S = 144km Saffisa (V) = ?
    t = 80 daqiiqaa
    1hr = 60 daqiiqaa a.
    t = 80 daqiiqaa V =
    t = b.
    V = = 67.5 m/s
    Shaakala:
  2. Ifti aduu irraa madde tokko waantoo fageenya 4x108m irra jiru irra qubachuuf yeroo daqiiqaa hammamii itti fudhataa?(saffisa ifaa )
  3. Hoolaan tokko qeerramsi ariinaan ariitii 5m/s ‘n gara kaabaatti sekondii lamaaf fiiguun yoo jalaa baate hammaa fi kallattii hoolaan kun qeerransa jalaa ba’uuf fiigde shallagi

 Yoo ariitiin wanta socho’aa jiru tokkoo dhaabbataa miti ta’e, sochiin ibsamu yaada ariitii gidduu galeessaa fayyadamuun shallagama.Kunis hima herregaan yommuu ibsamu:

————–(8.4)

Shaakala:

  1. Gabateearmaan gadii keessatti qaxxaamurri meetiraanii fi yeroon sekoondiidhaan yoo kenname, ariitii gidduu galeessaa:
    a. Yeroo irraa eegalee fi yeroo inni itti xumure gidduu shallagi.
    b. Yeroo 2sec fi 6sec gidduu shallagi.
    c. Yeroo 3sec fi 4sec gidduu shallagi
    d. yeroo 4sec fi 5sec gidduu shallagi
    S(m) 0 10 15 18 20 25
    t(s) 0 2 3 4 5 6

8.1. Sochii Wal-fakkaataa Daandii Sirrii
Sochiin walfakkaataa daandii sirrii sochii wantootni daandii sirrii irratti fageenya walqixa yeroo wal-wixa keessatti uffisanii dha.
Sochii walfakkaataa daandii sirrii keessatti ariitiin hammaanis ta’ee kallattiin dhaabbataa dha ykn hin jijjiiramu.
V= dhaabbataa dha( vi = vf)
Fakkeenyaa: Gabateen armaan gadii Sochii daandii sirrii ariitii walfakkaataa, ariitii dhaabbataan isaa 4m/s ta’e agarsiisa.
Qaxxaamura (m) 0 8 12 16 20 24
yeroo (s) 0 2 3 4 5 6

Giraafii sochii daandii sirrii ariitii walfakkaataa
A. Sochii daandii sirrii ariitii walfakkaataa keessatti giraafii qaxxaamuraa fi yeroo (s-t)
Giraafiin s-t sochii daandii sirrii ariitii walfakkaataa keessatti:
 Sarara dhundhulaawaadha.
 Dhundhulli giraafii s-t hamma ariitii ibsa.
B. Sochii daandii sirrii ariitii walfakkaataa keessatti giraafii ariitii fi yeroo (V-t)
Giraafiin v-t sochii daandii sirrii ariitii walfakkaataa keessatti:
 Sarara qajeelaa siiqqee yerootiif paralalii ta’edha.
 Bal’insi giraafii v-t fi siiqqee yeroo gidduu fageenya deemame ibsa.
Fakkeenya:

  1. Gabateen armaan gadii gabatee sochii daandii sirrii ariitii wal-fakkaataa ibsu dha.
    Gabatee kana irratti hundaa’uun:
    a. Giraafii s-t kaasuun agarsiisi
    b. Dhundhula giraafii S-t barbaadi
    c. Giraafii V-t kaasuun agarsiisi.
    Qaxxaamura (m) 0 4 8 12 16 20
    yeroo (s) 0 1 2 3 4 5

Furmaata:
S(m)
16

       12
                                                                                   V(m/s)
        8

        4
                                                                                   4m/s           
      0         1   2   3   4   t(S)                   0     1     2     3    4         t(sec)
    a/Graafii S-t                                                                     b/Giraafii V-t                  

                 Dhundhula    = ariitii

Shaakala:
� Gabatee armaan gadii irratti hundaa’uun:
a. Giraafii S-t kaasuun agarsiisi
b. Dhundhula giraafii S-t shallagi
c. Giraafii V-t kaasuun agarsiisi
d. Fageenya walii galaa shallagi
S(m) 0 2 4 6 8 10 12 14 16
t(s) 0 1 2 3 4 5 6 7 8

8.2. Sochii daandii sirrii Guula wal-fakkaataa
Leenjifamtootaa! Osoo waa’ee giraafii sochii daandii sirrii guula walfakkaataa hin ilaaliin dursa guulli maal akka ta’e ni beektuu?, Hariiroon guulaa fi ariitii maal ta’a jettanii yaadduu?
Guulli :
 Reetii jijjiirama ariitii ti.
 Qaamolee safartamoo kal-qabeedha
 Yunitii waltawaa m/s2 dhaan safarama.
 Ariitiin wanta tokkoo yeroo turtii t keessatti jalqabaa fi xumuraa v yoo ta’e, guulli isaa hima herregaan yommuu ibsamu:

 V=  --------------- (8.5)

Fakkeenya: Qaamni tokko boqonnaa irraa ka’ee yeroo 3sec keessatti ariitii 12 m/s tiin yoo deeme, hammi guula isaa meeqa ta’aa?
Furmaata
a =
a = 4m/s2
 Sochiin tokko yoo reettii jijjiirama ariitii walqixxa ta’e yeroo walqixxa ta’etti qabaate, sochii guula dhaabbataa jedhama.
 Sochii guula dhaabbataa keessatti :
 Guulli hammaa fi kallattiin dhaabbataa dha.
 Reettiin jijjjiirama ariitii qabxiilee hunda irratti wal-qixxa.
Fakkeenya:

  1. Gabateen armaan gadii sochii daandii sirrii guula walfakkaataa guulli dhaabbataan 3m/s2 ta’e agarsiisa.
    V(m/s) 0 3 6 9 12
    t(sec) 0 1 2 3 4
    Himoota Wal-qixxa Sochii Daandii Sirrii Guula Walfakkaataa —————– (8.7)
    ———– (8.8)
    , , , fi dha.
    Fakkeenya: Waantoon guula 8 m/s2 qabu tokko boqonnaa irraa ka’ee yeroo 2sec tiif yoo adeeme, fageenya hammamii deemuu danda’aa?
    Furmaata

a=8m/s2
Shaakala: Fakkeenya olii irraa dhuma yeroo 2sec tti saffisni isaa meeqa ta’aa?

Giraafii Sochii daandii sirrii Guula walfakkaataa
A. Giraafii qaxxamuraafi yeroo (s-t)
Giraafiin s-t sochii daandii sirrii guula walfakkaataa keessatti:
 Paaraa boollaadha.
B. Giraafii ariitii fi yeroo (v-t)
Giraafiin v-t sochii daandii sirrii guula walfakkaataa keessatti:
 Sarara dhundhulaawaadha.
 Dhundhulli giraafii v-t hamma guulaa ibsa
C. Giraafii Guulaa fi yeroo (a-t)
Giraafiin a-t sochii daandii sirrii guula walfakkaataa keessatti:
 Sarara qajeelaa siiqqee yerootiif paralalii ta’edha.
 Bal’eensi giraafii a-t fi siiqqee yeroo gidduu hamma jijjiirama ariitii ibsa.
Fakkeenya: Gabateen armaan gadii sochii daandii sirrii guula walfakkaataa ibsa, gabatee kana irratti hundaa’uun:
a. Giraafii V – t kaasuun agarsiisi ,Dhundhula giraafichaas shallagi
b. Giraafii a – t kaasuun agarsiisi.
c. Giraafii S – t kaasuun agarsiisi.
V(m/s) 0 2 4 6 8
t(sec) 0 1 2 3 4
Furmaata
v(m/s)
8 a (m/s2)

        6
                                                                    a(m/s2)
        4

        2                                                                           2m/s2

            0         1       2        3         4  t(sec)                                 0     1     2        3    4 t(sec)                

a. Giraafii V-t b. Giraafii a – t

        S(m)




                                                                 t(sec)

               c. Giraafii s-t  Giraafiin kunis akkaataa arma                                                                              S=                               

s(m) 0 1 4 9 16
t(s) 0 1 2 3 4
Shaakala:
� Giraafii V-t sochii daandii sirrii guula walfakkataa armaan gadii irratti hundaa’uun:
a. Hamma Guula dhaabbataa isaaa barbaadi
b. Ariitii gidduu galeessaa shallagi
c. Fageenya walii galaa shallagi
d. Giraafichi giraafii sochii guula walfakkaataa ta’uu isaa mirkaneessi.
(m/s)

                                                                t(Sec)                   

8.3 Sochii To’annaa humna harkisaa Dacheetiin Raawwatan
Sochiin waantootni qilleensa kessa bifa balalii’insaan gara dalgeetti, gara olii fi gadiitti yookaan habalakaan taasisan sochii dhiibba humna harkisaa dachee jalaa jedhamuun beekama.
Sochiileen qilleensa keessatti sababa humna harkisaa dacheetiin raawwataman kanneen armaan gadiiti. Kunis:

 Sochii kufaatii walabaa
 Sochii darboo olee
 Sochii darboo gadee
 Sochii pirojektaayilii

8.3.1. Sochii Kufaatii walabaa
 Sochii waantootni dhiibbaa tokko malee gara dacheetti kufuun taasisan kufaatii walabaa jedhamuun beekama. Sochii kufaatii walabaa keesatti:
 Ariitiin jalqabaa (V0=0) ta’a.
 Guula dhaabbataa (g=9.8m/s2)’n gaggeeffama.
 Himootni herregaa sochii kufaatii walabaa h fi ta’uun ibsamu.

Fakkeenya: kubbaan gamoo 80m dheeratu irraa walabaan yoo gadi lakkifame (g=10m/s2):
a. Lafa tuquuf yeroo hammamii itti fudhataa?
b. Saffisa ittiin kubbaan kun dachee rukkutu shallagi
Furmaata:
Kennamaa: Barbaadamaa
h=80m, g=10m/s2 sochii kufaatii walabaa (vo=0) a. t=? b.v=?
 Hima herregaa sochii kufaatii walabaa fi fayyadamuun:
a. = =4s fi b/
Shaakala
Kubbaa A’n olfageenya hA=250m irraa walabaan gadi lakkifame, kubbaa biroo B’n immoo ol fageenya hin beekamne irraa erga kubbaa A’n gadi lakkifamee sekondii afuriin booda walabaan gadi lakkifamuun kubbaawwan lameen yeroo walfakkaataa keessatti yoo dachee kan rukkutan ta’e:
a. Kubbaa A’n lafa ga’uuf yeroo itti fudhatu shallagi
b. Kubbaa B’n lafa ga’uuf yeroo itti fudhatu shallagi c/Ol fageenya kubbaa B’n irraa gadi lakkifame shallagi
8.3.2. Sochii Darboo Olee
 Sochii waantootni humna dabalataan dachee irraa gara samiitti ol darbamuun ol fageenya guddaa ta’e tokko qaqqabuuf taasisan sochii darboo olee jedhamuun beekama.
 Sochii Darboo olee keesatti:
 Ariitiin jalqabaa (V0≠0) ta’a.
 Guula dhaabbataa (g=-9.8m/s2)’n gaggeeffama.
 Himootni herregaa sochii darboo olee h fi ta’a.
8.3.3. Sochii Darboo Gadee
 Sochii waantootni humna dabalataan olfageenya ta’e irraa gara dacheetti darbamuun dachee qaqqabuuf taasisan sochii darboo gadee jedhamuun beekama.
 Sochii Darboo gadee keesatti:
 Ariitiin jalqabaa (V0≠0) ta’a.
 Guula dhaabbataa (g=+9.8m/s2)’n gaggeeffama.
 Himootni herregaa sochii darboo gadee h fi
Fakkeenya: Kubbaan kachoo tokko ol fageenya 8m irraa darbamee lafa ga’uuf sekondii tokko yoo itti fudhate:
a/ saffisa kubbaan kun ittiin darbame shallagi
b/ Saffisa ittiin kubbaan kun lafa rukkute shallagi
Furmaata:
Kennamaa: Barbaadamaa
h=8m, g=10m/s2 sochii darboo gadee (vo≠0) ,t=1s a. vo=? b.v=?
 Hima herregaa sochii darboo gadee fi fayyadamuun:
a/ = =3m/s fi b/V=3m/s+10m/s=13m/s ta’a
Shaakala
Dhagaan ta’e tokko gamoo ol fageenya 40m qabu irraa ariitii 8m/s dhaan gara dacheetti yoo darbame:
a/ lafa ga’uuf yeroo itti fudhatu shallagi
b/ saffisa inni ittiin dachee rukkute shallagi
8.3.4. Sochii Pirojektaayilii
� Leenjifamtootaa! Sochiin pirojektaayilii sochii akkamiitii? Amaloota akkamii qabaa?
 Sochiin waantootni qilleensa kessa bifa balalii’insaan gara dalgeetti, gara olii fi gadiitti yookaan habalakaan taasisan sochii piroojektaayilii jedhamuun beekama.
 Sochiin pirojeektaayilii Fakkeenya sochii kal-lamee keessaa tokko.
 Daandiin yaadaa sochii piroojektaayilii agarsiisu Tiraajekterii jedhama.
 Sochiin kubbaa saaphanaa, kubbaa teenesii minjaalaa fi sochiin rasaasaa fakkeenya sochii pirojeektaayiliiti.
 Amala sochii isaanii irratti hundaa’uun sochiin pirojektaayilii gosootagaraa garaatu jiru. Kunis:
 Sochii pirojektaayilii dalgee
 Sochii pirojektaayilii habalakaa ti.

8.3.4.1. Sochii Pirojektaayilii darboo dalgee
� Leenjifamtootaa! Wanta qilleenssa keessatti dalga darbatamee sochii irra jiru tokko irratti ,humnoota dalagaa’uu danda’an hiriyyoottan keessan waliin erga walmarii’attaniin booda dareef gabaasaa.
 Waantoo ol fageenya tokko irraa dalgee erga darbameen booda (dhiibbaan qilleensaa hubannoo keessa yoo hin galiin) humni irratti dalagaa’u humna harkisa dachee ti.
 Humni harkisaa dachee waantoo qilleensa keessatti irraan gadee guulchisa.
 Waantoon ol fageenya ta’e irraa dalga darbame tookko ariitii qoodinsa dalgee fi qoodinsa ol-gadee yommuu qabaatu,
 Qoodinsi ariitii ol-gadee guula 9.8m/s2’n yeroo waliin jijjiirama.
 Qoodinsi ariitii dalgee dhaabbataadha ( humni dalgee wantoo irratti dalagaa’u waan hin jirreef)

 Sochii wantoo ol fageenya y irraa dalgee darbatame. Daandii pirojeektaayilichaa irratti qaamolee safaratamootaa hundi kallattii lamaan ibsamanii jiru.
 Ariitiin dimshaashaa hima herregaa: tiin ibsama.
Hima qixxaataa darboo dalgee
Sochii dalgeef Sochii ol-gadeef
Guulli=0 Guulli=±9.8m/s2
h

                                                 Hammi ariitii   yeroo kamirrattuu
                                                           ta’a.

Fakkenya 1. Dhagaan gamoo tokko irraa saffisa 30 m/s ta’een dalga darbatame. Dhagaan kun fageenya dalgee 120m deemee xumuree yoo kufe hojjaan gamoo kanaa hammam ta’aa?
Furmaata

Shaakala

  1. Dhagaan gamoo hojjaa 45m qabu irraa dalga darbatame Dhagaan kun fageenya dalgee 75m yoo deeme,
    a. Yeroo dimshaashaa qilleensa keessa ture shallagi?
    b. Ariitii jalqabaa shallagi.
    c. Yeroo lafa xuquuf jedhu ariitii waliigalaa dhagaa kanaa shallagi.
  2. Waanti ta’e tokko ariitii jalqabaa 10m/s dhaan hojjaa 40m irraa dalgee dhaan yoo darbatame.
    a. Yeroon waligalaa lafa xuquuf itti fudhatu meeqa ta’aa?
    b. Ariitiin waanti kun ittiin lafa xuqu meeqa ta’aa?

8.3.4.2. Sochii Pirojektaayilii Darboo habalakaa
� Leenjifamtootaa! Darboo habalakaa jechuun maal jechuudhaa?, Wanti tokko dachee irraa qilleensa keessatti habalakaan yoo darbame amaloota akkamii agarsiisaa?
 Waantoon saffisa jalqabaa , qilleensatti habalakaan ol darbatame daandii marfataan socho’a. Marfanni pirojeektaayilii paraaboollaa golboo gadee dha. Darboon akkanaa kun darboo habalakaa jedhama. Sochiin kun ariitii jalqabaatiin dalgee irra kofa kan darbatamu ta’ee sochii parpandikulaarii ta’an lama qaba.
 Sochii akkanaa keessatti:
 Ariitiin qoodinsa siiqqee x irraa Vox=vocosθ yommuu ta’u iddoo hundaatti dhaabbataadha.
 Ariitiin qoodinsa siiqqee y irraa voy=vosinθ yommuu ta’u olfageenyi dabalaa akka deemuun xiqqaachaa deema.
 Yeroon ol fageenya guddaa qaqqabuuf itti fudhatu yeroo ba’insaa (ta) jedhama.
 Yeroon ol fageenya guddaa irraa dachee qaqqabuuf itti fudhatu yeroo bu’insaa (td) jedhama.
 Waantoon sochii pirojektaayilii darboo habalakaa gaggeessuf yeroon waliigalaa qilleensa keessa balalii’uuf itti fudhatu yeroo dimshaashaa (tT) jedhama.
 Fageenyi guddaan waantoon sochii pirojektaayilii darboo habalakaa siiqqee dalgaa irratti qabaachuu danda’u reenjii jedhama.

                                                                                                                      Voy =Vo  sin 
                                                                                          Vox= Vo cos 

Himni herregaa pirojeektaayilii kofa ariitii vo tiin dalga darbatame akka armaan gadiitti ibsama.
Siiqqee – x Siiqqee – y

                                                     h =   

hamma ariitii dimshaashaati.
Hima herrega Reenjii (R):

                  Vy = V0y  - gt      , yoo ta’e   t = t a   fi     vy = o     ta’a.

Kanaafuu

Hariiroo tiriigoonoomeetirii irraa:
2cos Sin = sin2 Waan ta’eef,

   Hima herregaa Olfageenya guddaa (hmax).

fi

Fakkeenya

  1. Kubbaan ariitii jalqabaa 10m/s dhaan dalgeen olitti kofa
    a. Ol ka’insa guddaa( hmax) kubbaan kun ga’u shallagi
    b. Reenjii isaa barbaadi.
    c. Battala lafa rukkututti ariitiin dimshashaa fi yeroo dimshaashaa shallagi. m/s2 fayyadami.

Furmaata
Kennamaa barbaadamaa
a. hmax =? b. R =? c. V=?
a)
b) R
ta’a yoo,
tT

                                                   =  
              ta’a.

Shaakala

  1. Sochiin pirojektaayilii darboo tokko dirra dalgaa irraa kofa 530’n darbamee olfageenya guddaa 24m kan qaqqabu yoo ta’e:
    a/ saffisa jalqabaa inni ittiin darbamuu qabu shallagi
    b/ yeroo hojjaa olaanaa bira ga’uuf itti fudhatu shallagi
    c/ Fageenya olaanaa dalgee (reenjii) shallagi
  2. Sochiin piroojektaayilii kofaa digirii meeqaan yoo darbatame hammi fageenya olaanaa dalgee (reenjii) fi hammi fageenya olaanaa olee (hmax) walqixxee ta’uu danda’uu?
    3.sochii pirojektaayilii armaan gadii irraa
    8.4. Humna fi Gosoota Humnaa
    �Leenjifamtootaa! Humna jechuun maal jechuudhaa?, Humni sochii waantotaa waliin hariiroo akkamii qabaata jettanii yaadduu?
     Humni dhiibuu yookaan harkisuudha.Waanti tokko yoo dhiibame yookaan yoo harkifame jijjiirama bakkaa fiduu ni danda’a.Kanaafuu humni sababii sochii waantotaati jechuun ni danda’ama.
     Humni qaamolee safartamoo kal-qabee shallagamoo yommuu ta’u yunitii waltawaa Niwutoonii ( dhaan safarama.
    Gosoota Humnaa
     Amala isaanii irratti hundaa’uun humni, Humna tuqxuu fi humna hintuqnee jedhamuun bakka gurguddoo lamatti qoodama.
    Humna tuqxuu: Humni qaamni tokko qaama biroo qabatamaatti tuquun dhiibuu ykn harkisuu irraan geessu humna tuqxuu jedhama.
    Fakkeenya: Humna rigataa, humna ijaajjoo fi k.k.f.
    Humna hintuqnee: Humni qaamni tokko qaama biroo qabatamaatti osoo hin tuqiin dhiibuu ykn harkisuu irraan geessisu humna hintuqnee jedhama.
    Fakkeenya: Humna harkisaa dachee, Humna maagineetii fi k.k.f.
    8.5 Taateewwan Humnaa
     Humni:
     Kallattii sochii waantotaa jijjiiruu ni danda’a.
     Ariitii/saffisa waantotaa jijjiiruu ni danda’a.
     Boca waantotaa jijjiiruu ni danda’a.
    �Leen jifamtootaa! Waa’ee taateewwan humnaa armaan olitti tarreeffamani irratti hiriyyoota keessan waliin marii’achuun, fakkeenya qabatamaa naannawaa keessan jiru waliin wal qabsiisuun dareef dhiyeessuuf yaalaa.
    8.6 Seerota Sochii Niwutoonii
     Seerotni sochii Niwutoonii seerota hariiroo humnaa fi sochii waantotaa ibsanidha.
    8.6.1. Seera sochii Niwutoonii tokkoffaa (seera inershiyaa)
    Seerri Niwutoonii tokkoffaan hariiroo humnaa fi haala wantootni irra jirani ibsa.Kunis:
    “Humni hin gitaawiin yoo wanta tokko irratti dalagaa’uu baate, wanti duraan boqonnaa irra jiru akkauma boqotutti, waanti sochii walfakkaataa daandii sirrii gaggeessaa jiru immoo, akkuma socho’aa jirutti itti fufa”Jedha.
    Akka seera kanaatti, Humni hin gitaawiin yoo hin bobbaane:
     Waanti sochii irra jiru ariitii dhaabbataan sochii itti fufa.
    (
     Waanti boqonnaa irra jiru akkuma boqotetti itti fufa.
    (
    Seerri Sochii Niwutoonii tokkoffaan Seera Inershiyaa jedhamuun beekama.Inershiyaa jechuun diddaa ykn mormii agarsiisuu waantotaati.Kana jechuunis:
     Waanti socho’aa jiru dhaabbachuu morma
     Waanti dhaabbachaa jiru immoo socho’uu morma jechuudha.Haaluma kanaan inershiyaa fi hangi hariiroo kallattii qabu jechuudha.
    � Leenjifamtootaa! Waa’ee seera sochii ineershiyaa irratti gareedhaan marii’achuun fakkeenyota garaagaraa qindeessuun dareef dhiyeessaa.

8.6.2 Seera sochii Niwutoonii lammaffaa
Taatee humni hin gitaawiin jijjiirama ariitii irratti qabuu fi sababa jijjiirama ariitiin guulli uumamuu isaa ibsa.Kunis:
“Humni hin gitaawiin wanta tokko irratti yoo dalagaa’e waantichi akka guulu taasisa.Guulli akkaataa kanaan uumamus humna isa uume waliin hariiroo kallattii yoo qabaatu, hanga waantichaa waliin immoo hariiroo fuggisoo qabaata”
Akka seera kanaatti, humni hin madaalamiin waanta tokko irratti yoo bobba’e:
 Akkaataan argamaa fi ariitiin waantichaa ni jijjiirama
 Reettiin jijjiirama ariitii immoo guula kenna.Kanaafuu seerri sochii kuni seera sochii guulawaa jedhama.
 Guulli akkataa kanaan uumamus, hima herregaan yommuu ibsamu: ta’a.
Hangaa fi Ulfaatina
Humni dacheen waantoota irratti dalageessu Ulfaatina jedhama.
Ulfaatinni kal-qabee ta’ee kallattiin isaa yeroo hundaa gara guula harkisaa dacheetti
Ulfaatinni humna yommuu ta’u yunitii waltawaa Niwutoonii (N) dhaan safarama.
Hangi waantotaa iddoo hundatti dhaabbataa yommuu ta’u ulfaatinni immoo bakkaa bakkatti ni jijjiirama.Kunis guulli harkisaa iddoo garaa garaatti waan jijjiiramuuf
Hariiroon herregaa ulfaatinaa fi hanga waantotaa gidduu jiru:
Fakkeenya: 1. Waantoo hanga 12kg qabu irratti humni hingitaawiin dalagaa’uun1.5m/s2 dhaan yoo guulchise hamma humna bobba’ee shallagi.
Furmaata
Kennamaa Barbaadamaa,F=?
m=12kg F= ma =12kgx 1.5m/s2=18N
a=1.5m/s2

  1. Waantoon hanga 2kg qabu tokko ulfaatinni isaa dachee irratti meeqa ta’aa? (g=9.8m/s2)
    Furmaata
    Kennamaa: Barbaadamaa, W=?
    m=2kg W=mg
    g=9.8m/s2 W=(2kg)(9.8m/s2)=19.6N
    Ulfaatina dirra habalakaa irraa:
     Waantoon hanga qabeessi tokko habalakaan dirra qaama biraa irra kan taa’aa ykn socho’aa jiru ta’e ulfaatina dirra habalakaa qabaata.Ulfaatinni dirra habalakaa qoodinsa lama qaba. Kunis:
     Qoodinsa siiqqee X: WX=mgsinθ=Fg|| (qoodinsa dirra habalakaatiif paralalii ta’e)
     Qoodinsa siiqqee Y:WX=mgcosθ=Fg┴ (qoodinsa dirra habalakaatiif perpendikulaarii ta’e)

Fakkeenya: Danaa armaan gadii irratti, Humni hammi isaa hin beekamne tokko sanduuqa hangi isaa 10kg ta’e dirra habalaaka rigata maleessa irratti akka sochoofneef/hin kufneef/utubeedhaabe yoo ta’e hamma humna hin beekamnee shallagi

Furmaata: Bilookiin sun kufuu kan dhiisu yoo F=Fg|| ta’e dha.Kanaa fuu
Fg||=mgsin300=(10kg)(9.8m/s2)(0.5)=49N ta’a.
Shaakala
� Hangi 2kg ta’e tokko jalqaba boqonnaarra ture, humni hin gitaawaa hinta’iin irratti dalagaa’ee sochii eegaluun yeroo 3sec tiif ariitii dhaabbataan itti fufuun socho’e. Humni hin madaalamiin lamaffaan irratti dalagaa’uun ariitii irraa gara ariitii yeroo 5sec ta’utti ni guula yoo ta’e,
a. Guulli hangichaa t=3sec keessatti yeroo sochii ariitii dhaabbataan socho’u meeqaa?
b. Sochii kana irratti humni hin madaalamiin lammaffaan meeqa ta’aa?
�Waantoota dachee irratti ulfaatina armaan gadii qabaniif hanga isaanii shallagi. a/270N b/9800N c/720N

8.6.3. Seera sochii Niwutoonii Sadaffaa (seera gochaa fi mormii gochaa)
Humna waantootni lama walirratti dalageessaniin ibsama.
“Wanti tokko waanbiroo irratti humna yoo dalageesse, qaamni humni irratti dalagaa’e sunis humna hammaan walqixxee fi kallattiin faallaa ta’e deebisuun waanta humna isa irratti bobbaase irratti bobbaasa”. Kunis gochaa fi mormii gochaa jedhamuun beekama.
Akka seera kanaatti:
 Gochaa fi mormiin gochaa humnoota hammaan walqixxee fi kallattiin faallaadha.
 Gochaa fi mormiin gochaa yeroo hundaa cimdiin argamu
 Gochaa fi mormiin gochaa sarara sirrii siiqqee tokko irratti walirratti dalagaa’u.
Fakkeenya: yommuu dhaaba manaa dhiibnu dhaabni manaa immoo deebisee nu dhiiba.Kana keessatti:
 Humni nuti ittiin dhaaba manaa dhiibnu “gocha” yommuu jedhamu
 Humni dhaabni manaa ittiin deebisee nu dhiibu immoo “mormii gochaa” jedhama.
� Leenjifamtootaa! Waa’ee amaloota gochaa fi mormii gochaa irratti gareedhaan marii’achuun, fakkeenyota gochaa fi mormii gochaa dareef dhiyeessaa.
8.6.4. Humna Rigataa (f) fi Humna ijaajjoo (FN)
8.6.4.1 Hiika Humna Rigataa
Humni rigataa fakkeenyota humna tuquxuu keessaa isa tokkodha.Kunis wantootni lamaa fi isaa ol ta’an yommuu wal tuquun walirra sololaatan yookiin konkolaatan gidduu isaaniitti humna uumamu dha.
Humni ijaajjoo humna tuqxuu keessaa tokko kan ta’ee fi Dirra qaamota waltuqani lamaf perpandikulaarii kan ta’edha.
Humni rigataa fi humni ijaajjoo hariiroo sirrii walirraa qabu.Kunis hima herregaan yommuu ibsamu:
fi ta’a Yoo µ’n dhaabbataa koofishentii rigataa fi
8.6.4.2. Gosoota Humna Rigataa
Haala sochii waantootaa gidduu galeeffachuun humni rigataa bakka gurguddoo lamatti qoodama.Isaanis
1.Humna rigata dhaabbataa :- humna rigataa yeroo wanti tokko isa tokkorra sochii malee taa’uun kan ka’e kan uumamu dha.Hima herreganis: ta’uun ibsama.

  1. Humna rigata sochii : – humna rigataa yeroo waanti tokko sochii irra jiru uumamu dha. Hima herregaanis: ta’a.  Akkaataa sochii isaanii irratti hundaa’uun humni rigata sochii bakka lamatti qoodamu.Isaanis:  Humna rigata sochii gangalataa:Waanti tokko waanta biroo irra yommuu gangalatu humna rigataa uumamuu fi  Humna rigata sochii foqoqaa: waanti tokko waanta biroo irra yommuu harkifamu humna rigataa uumamudha. Hub: 1.Hammi humna rigata dhaabbataa hamma humna rigata sochii ni caala.
    1. Hammi humna rigata foqoqaa hamma humna rigata gangalataa ni caala.
      Fakkeenya: 1.wanti ulfaatina 30N qabu tokko minjaala teessumaa fi wanticha gidduu kofishentii rigata dhaabbaataa 0.4 jiru irra yoo kaa’ameera ta’e humni rigata dhaabbataa wantichaa fi fuula minjaalichaa gidduu shallagi

Furmaata:

  ,                                                      W

Shaakala:
Danaa armaan gadii irratti, humni F=32N ta’e tokko waantoo sanduuqa hanga 10kg qabuu fi minjaala irra taa’ee jiru irratti bobba’uun rigata f=7N ta’e sanduuqaa fi minjaala gidduutti akka uumamu gochuun sochoose yoo ta’e:
a. Hamma humna ijaajjoo shallagi
b. Hamma koofishentii rigataa shallagi
c. Hammaa fi kallattii guula uumamee shallagi

8.6.4.3. Taateewwan Humna rigataa
Humni rigataa:
 Ariitiin waantotaa akka hir’atu ni taasisa
 Madaallii sochii waantotaa ni eegsisa
 Ho’a uumuu ni danda’a
 Walumaa galatti humni rigataa faayidaas miidhaas qaba jechuudha.
� Leenjifamtootaa! Faayidaafi miidhaa rigataa tarreessuun irratti marii’adhaa.
8.6.4.4. Rigata hir’isuu
Rigata guutummaan guutuutti dhabamsiisuun hin danda’amu, garuu tooftaalee garaa garaa fayyadamuun xiqqeessuun ni danda’ama.Tooftaalee kanneen keessaa beekamoon:
 Waantoota walirra harkisuurra gangalchuu
 Qaamolee wal tuqan gidduu dibata dibuu
 Qilleensi akka galu taasisuu fi k.k.f

8.6.5 Humna Dhifuu (T)
 Humni dhifuu, humna funyoo/haadaa/diriiraa irraa yommuu ta’u, ulfaatinaa fi humna dalagaa’e ni morma.
 Humna harkisaati. Kana jechuun haadaan waanta tokkotti hidhamee waanticha yommuu harkisu ofii isaatii ni dhifama.
8.6.6 Seera Huukii
Walitti dhufeenya humna cedheedha iraa fi harkifamaa yookiin kottoonfannaa gidduu otoo hin citiin dura jiru seera agarsiisudha.Kunis akkaataa armaan gadiin ibsama.

  .  .   .  .  otoo humni irratti  hin  dalagaa’in



                                 X        x
                 Fr

Fap – Humna cedhedha irratt i bobba’e.

  • Humna kuufama cedheedhaa fi X-harkifama yookiin kottoonfannaa cedheedhaa
    Akka Seera Huukiitti:-
     “ Walitti dhufeenyi humni cedheedha irratti dalagaa’ee fi harkifamuu yookiin kottoonfachuu cedheedhaa gidduu jiru hariiroo kallattii sirrii qaba.”
    Hima Herregaanis yommuu ibsamu:
    ta’a

Yoo K’n dhaabbataa cedhedhaa ta’ee fi yunitii waltawaa (N/m=kg/s2) dhaan kan safaramu ta’e.
Cuunfaa Boqonnaa Kanaa
Waanti tokko yeroo murtaa’e keessatti iddoo tokko irraa ka’uun iddoo biraa yoo ga’e ni socho’e jedhama. Adeemsi waanti akkasii keessatti argamu sochii jedhama. Kanaafuu,sochiin Jijjiirama bakkaa yeroo murtaa’e keessatti taasifamudha.Sochiin waantotaa saadhata naannawaa isaaniin ibsama.Sochiin waantootni daandii qajeelaa irratti taasisani sochii daandii sirrii jedhama.Sochiin guula walfakkaataan gaggeeffamu sochii daandii sirrii guula walfakkaataa yommuu jedhamu sochiin ariitii walfakkaataan gaggeeffamu immoo sochii daandii sirrii ariitii wal fakkaataa jedhamuun beekama.
Adeemsi waanti tokko dhiibbaa tokko malee gara dacheetti kufu kufaatii walbaa jedhama.Guulli dhaabbataan kufaatiin walabaa akka adeemsifamu taasisu guula harkisaa dacheeti.
Humni dhiibuu ykn harkisuudha.Kanaafuu humni sababii sochii waantotaati jechuudha.
Humni harkisaa dachee waantoota dachee irra jirani ittiin gara dacheetti harkifamu ulfaatina jedhama.Waanti hanga guddaa qabu ulfaatina guddaa fi waanti hanga xiqqaa qabu ulfaatina xiqqaa qaba.
Seerotni sochii Niwutoonii hariiroo sochii waantotaa fi humna gidduu jiru ibsu.Inershiyaan diddaa ykn mormii agarsiisuu yommuu ta’u inershiyaa fi hagi hariiroo sirrii walirraa qabu.Kunis,waanti hanga guddaa qabu inershiyaa guddaa fi waanti hanga xiqqaa qabu inershiyaa xiqqaa qaba jechuudha. Humnii fi guulli hariiroo sirrii walirraa qabu. Hanga dhaabbataa irratti humni guddaan guula guddaa fi humni xiqqaan guula xiqqaa uuma.

Pirobileemota

  1. Konkolaataan ariitii jalqabaa 4m/s tiin deemu tokko guula dhaabbataa 8m/s2 tiin deemuun sekondii 20 keessatti deemsa isaa yoo raawwate; fageenya inni deemee fi ariitii xumuraa isaa shallagi.
  2. .Humni hin madaalamne tokko waantoo hanga 1300kg qabu bakka dhaabbatuu sochoosuun kallattii bobba’een 2m/s tiin fageenya 20m yoo deemsise, hammi humna bobba’ee meeqa ta’aa?
  3. Kubbaan tokko olfageenya 1.8m irraa walabaan yoo gadi lakkifame; yeroon inni lafa ga’uuf itti fudhatee fi ariitiin inni ittiin lafa ga’e wal-duraa duubaan:
  4. .Konkolaataan uummataa tokko bakka dhaabbatuu ka’uun sochii daandii sirrii guula wal-fakkaataa ta’e akkaataa armaan gadiin gaggeessaa jira.Daawwii jalqabaa irratti ariitii 20m/s dhaan otoo deemaa jiruu sekondii saddettamaa booda daawwii lammaffaa irratti immoo ariitiin isaa 60m/s yoo ta’e, yeroo kana keessatti:
    a/ Fageenya hammamii adeemee?
    b/ Ariitiin gidduu-galeessaa meeqa?
    c/ guulli dhaabbataan konkolaataa kanaa meeqa?
    d/ 20 sekondii keessatti fageenya hammamii deeme?
    e/ Fageenya 100m deemuuf yeroo hammamii itti fudhatee?
    f/ Ariitiin konkolaataa kanaa fageenya 120m irratti meeqa ta’aa?
  5. Gabatee ariitii -yeroo armaan gadii ilaaluun,
    a. V – t giraafii
    b. a – t giraafii
    c. S – t giraafii kaasi.

V(m/s) 0 2 4 6 8
t(sec) 0 1 2 3 4

  1. Konkolaataan tokko ariitii jalqabaa 4m/s tiin deemu guula dhaabbataan 8m/s2 tiin yeroo 20 sekondii keessatti yoo raawwate
    a/ Ariitii xumuraa barbaadi c/Giraafii S-t, V-t fi a-t kaasii agarsiisi
    b/ Fageenya adeemame shallagi
  2. Danaa armaan gadii irratti kubbaan tokko ol fageenya 1.8m irraa walabaan gadi lakkifamuun erga lafa tuqee booda ol deebi’uun ol fageenya 0.9m qaqqabee jira. Humna rigata qilleensa yaada keesssa osoo hin galchiin gaaffiilee armaan gadii shallaguun deebisi.
    a/ Kubbaan kun walabaan bakka gadhiifamee lafa ga’uuf yeroo hammamii itti fudhata?
    b/ Ariitiin kubbaan kun ittiin lafa rukkute meeqa?
    c/ Kubbaan kun lafa rukkutee ariitii meeqaan asii ol deebi’ee?
    d/ Hojjaa guddaa erga lafa rukkutee boodaa qaqqabuuf yeroo hammamii itti fudhate?
  3. Waanti tokko ariitii ka’umsaa 10m/s dhaan siiqqee “x” irraa karaa olii kofa 370tiin yoo darbame, kanneen armaan gadii shallagi.
    a/ yeroo dimshaashaa b/ Reenjii c/ Vix fi Viy
  4. Dheerrni cedheedhaa otoo humni irratti hin dalagaa’iin 40cm, ta’ee, erga humni irratti dalagaa’ee booda cedheedhichi gara 50cm tti yoo dheerate hammi humni qaamicha irratti dalagaa’e meeqaa ?
  5. Danaa armaan gadii irratti hundaa’uun gaaffiilee itti aananii jiran deebisi.
    a/Ol ka’insa guddaa( hmax) shallagi b/Reenjii isaa barbaadi.
    c/ Battala waantoon sun lafa rukututti ariitiin isaa hammam ta’aa? Y
    Vo=20m/s hmax 530 Vx
    R x
    Vy V
  6. Humni F ta’e waanta 40N ulfaatu tokko fuula habalakaa kofa fuula dalgaa irraa 370 qabu irra ol harkisaa jira. Yoo koofisheentiin rigataa fuula habalakaa fi waanticha gidduu jiru 0.025 ta’ee fi waantichi ariitii walfakkaataan socho’a ta’e
    A/ Humna rigataa shallagi B/ Humna “F” shallagi.
  7. Danaa armaan gadii irratti yoo m1= 8kg, m2=12kg fi koofisheentiin rigataa bilookii fi hanga 1ffaa gidduu 0.25 ta’e:
    a/ guula waliinii shallagi b/ Humna dhifuu shallagi
  8. Humnootni sadii F3=20N gara bahaatti, F1= 15N qoodama kibbaattii fi F1= 13N qoodama dhihaatti tuqaa tokko irratti bobba’uun ikulibiramii/tasgabbii/ keessa yoo seenaan kompoonentiin (qoodamni F2) maal ta’aa?
  9. Danaa armaan gadii irratti Konkolaatotaan hangi isaa 2000kg ta’e tokko konkolaataa hangi isaa 500kg ta’e harkisuun guula walfakkataan dirree rigata maleessa irra deemaa jira. Yoo injiiniin konkolaataan harkisaa jiru kun hunma 10000N maddisiisa ta’e, guullii inni ittiin deemsisaa jiruu fi humni dhifuu giduu isaanii jiru wal duraa duubaan shallagi.
  10. Waantoon hanga “M” qabu tokko dirra habalakaa irra boqonnaa irra jira yoota’e, kanneen armaan gadii keessaa himni herragaa humna rigataa waantoo kana irratti bobba’e ibsu barreessi.
  11. Qalbiin sanduuqa hangi isaa 20kg ta’e funyoo hanga maleessa fayyadamuun dachee irra harkisuun gara manaatti seensisaa jira. Sanduuqa kana harkisuuf yoo humni Qalbiin bobbaase 150 N fi humni rigataa dachee fi sanduuqa giduu 15N ta’e hammii fi kallattiin guula sanduuqa kanaa meeqa ta’aa?
  12. Danaa armaan gadii irratti hundaa’uun :
    a/ Hammaa fi kallattii humna rigataa shallagi
    b/ Hamma huna dhifuu shallagi
  13. Humni ‘F’ n kan hammi isaa hin beekamne tokko waantoo hanga 10kg qabu irratti bobba’uun dirra habalakaa rigata maleessa irra asii ol ariitii walfakaataan yoo harkise:
    a/ Humnoota waantoo kana irratti bobba’ani danaadhaan agarsiisi (kallattii isaanii)
    b/ Hamma humna ‘F’ shallagi
  14. Danaa armaan gadii irratti Waantoon hanga ‘m’ qabu tokko haadaa lamaan akkataa socho’uu hin dandeenyetti rarraafamee jira yoo ta’ee fi T1=1200N yoo ta’e T2 fi W shallagi.

BOQONNAA- 9

9 ANNISAA FI MAASHINOOTA SASALPHOO
Seensa
Leenjifatootaa! gara boqonnaa biroo koorsii kanaatti baga nagaan dhufte! Boqonnaalee armaan duraa keessatti mata dureelee addaa addaa irratti hubannoo argachuu kee ni amana. Boqonnaa isa kana keessatti immoo waa’ee annisaa fi maashinoota sasalphoo irratti xiyyeeffanna. Waa’ee annisaas ta’e maashinoota sasalphoo barnoota saayinsii kutaalee gara gadiitti keessatti barachuu kee ni yaadata jennee abdanna.
Boqonnaan kun bakka gurguddoo lamatti qoodama. Garri calqabaa isaa hiikaa dalagaa, maalummaa fi akaakuuwwan annisaa keessumaa kan annisaa makaanikaalaa, hariiroo dalagaa fi annisaa gidduu jiru fi maalummaa aangoo makaanikaala irratti kan xiyyeeffatedha. Waa’een gitaa’ummaa annisaa makaanikaalaas ni qo’atama. Gara boodaatti immoo maalummaa maashinoota sasalphoo, gosootaa fi faayidaa maashinoota sasalphoo irratti xiyyeeffannee itti fufna. Faayidaan Makaanikaalaa fi Reeshoon Ariitii maashinoota sasalphoos gabaabinan ni qo’atama.
Kaayyoo: Dhuma boqonnaa kanaatti leenjitootni:
Maalummaa Dalagaa, Annisaa fi Aangoo Makaanikaalaa ni hubatu.
Akaakuwwan annisaa adda adda jiran addan baafatu.
Seera gitaa’ummaa annisaa makaanikaalaatti fayyadamanii piroobleemota ni furu.
Gosoota maashinoota sasalphoo addaa addaa ni tarreessu.
Maalummaa Faayidaa Makaanikaalaa, Reeshoo Ariitii fi ga’umsa maashnottaa sasalphaa ni hubatu,
Piroobleemta maashinoota sasalphoon wal qabatan ni furu.
Fedhiin isaan maashinoota sasalphootti fayyadamuuf qaban in dabala.
9.1 Dalagaa, Annisaa fi Aangoo Makaanikaalaa
9.1.1 Dalagaa
Gochaa 9.1
Hiika dalagaan jireenya guyaa guyyaa ilma namaa keessatti qabu yeroo muraasaaf irratti yaaduun mee hiriyyoota keetti himi.
Dalagaan dalagameera kan jennu yoomi? Hin dalagamne kan jennu hoo?
Kanneen armaan gadii keessaa gochi akka dalagaa dalaguutti hin fudhatamne isa kami?
i. Boolla keessaa baaldiin bishaan harkisanii ol baasuu.
ii. Itti yaadanii karoora/sagantaa/qo’annaa qopheeffachuu.
iii. Bahaa mataa ofii irratti baatanii bakkuma tokko dhaabbachuu.
iv. Bahaa mataa ofii irratti baatanii lafa dalgee irra deemuu.
v. Konkolaataa gara fuula duraatti deemaa jirua funyoon gara duubaatti harkisuu.
vi. Barattoota daree keessa taa’anii barnoota isaanii hordofaa jiran.

Jireenya guyyaa guyyaa ilma namaa keessatti hiikaan dalagaaf keennamee fi hiikaa saayinsawaa dalagaa irratti addaa addummaan jira. Hiikaa jireenya ilma namaa keessatti waanti qaaman humna irratti dalageessuun hojjatames ta’e sammuu itti yaadame hundi akka dalagaatti fudhatama. Haata’u malee karaa saayinsawaatiin dalagaan kan dalagameera jedhamu yoo humni dalagaa’e sochii uumeera ta’edha. Kanaafuu dalagaan dalagameera kan jedhamu yoo kanneen armaan gadii sadan wal faana guutan qofaadha. Isaanis:

  1. Humni (F)qaama tokko irratti dalagaa’eera yoo ta’e,
  2. Waanti humnichi irratti dalagaa’e sun socho’eera(S) yoo ta’e fi
  3. Kallatiin ittiin humnichi waanticha irratti dalagaa’ee fi kallatiin itti waantichi socho’e qooda waliif tarree ta’an qabu yoo ta’edha (cos .
    Kana irraa ka’uun dalagaan baay’ataa tuqaa humnaa fi qaxxaamura sochii waanta humnichi irratti dalaga’eeti. Kanuma hima herregaan barreessuuf:

W= =FS cos
Yoo iddo bu’eewwan W: Dalagaa dalagame
: Humna dalageeffame
: Qaxxaamura deemame
yoo ta’e.
Dalagaan (W) Poozatiivii ta’a yoo
Dalagaan (W) Nagatiivii ta’a yoo
Humnii fi qaxxaamurri kal-qabee yoo ta’an illee dalagaan garuu kal-dhabeedha.
Yuunitiin waaltawaa dalagaa Nm ykn Juulii(J) dha.
1J = 1Nm =1Kgm2/s2 ta’a.

F   F
                                            m                    
A   S        B

Fakkii 9.1 Humni F’n hanga m irratti dalagaa yommuu dalageessu
Akkuma fakii 9.1 irratti mul’atutti dalagaa humni “F” waanta hanga “m” qabu irratti dalageessuun bakka “A” irraa gara bakka “B”n gahuuf qaxxaamura “S” sochoosuun dalage argachuuf W= FScos ta’a jechuudha.
Fkn Fakkii 9.1 armaan oliirratti akkuma mul’atutti yoo humni 40N ta’e hangicha irratti dalagaa’ee hangicha bakka inni irra ture”A” irraa gara bakka 4m fagaatu “B” tti ariitii dhaabbataan sochoosee fi kofti kallattii humnaa fi qaxxaamuraa gidduu jiru 300 yoo ta’e kanneen armaan gadii shallagi.
a) Dalagaa humnichaan dalagame.
b) Dalagaa humna rigataan dalagame.
Furmaata
Kennama barbaadamaa furmaata
F=40N a) WF=? a) WF= FScos=40N (4m) (cos300)
S=4m b) Wf=? =160(0.866) =138.56J, cos300=0.866
=300 b) waantich ariitii dhaabbataa deemaa jira waan ta’eef humni dalagaa’e “F” fi humni rigataa “f” hamma wal qixaa fi kallattii faallaa ta’e qabaatu. Kanaafuu dalagaan humna rigataan dalagaa’e Wf= -138.56J ta’a jehuudha.
Shaakala

  1. Wanti hanga 5kg qabu tokko bakka taa’uu ka’ee ariitii 12m/s’n yoo yeroo sekondii 6f yoo deeme dalagaa hammamiituu irratti dalagaa’e?
  2. Obbo Tolaan sukkaara 50Kg ta’e tokko lafaa fuudhee konkolaataa ol ka,iinsa 2m qabu irra yoo kaa’e dalagaa inni dalage shallag(g=10m/s2).
    9.1.2 Annisaa Makaanikaalaa
    Gocha 9.2
    Gaaffilee armaan gadii osoo ibsa itti aanutti hin darbiin dursa gareen irratti marii’adhaa.
    i. Annisaan maali?
    ii. Annisaan makaanikaalaa hoo?
    iii. Faayidaan annisaa maali?
    iv. Gosoota annisaa beektu tarreessi.
    v. Jijjiirama annisaan akaakuu tokko irra gara biraatti taasisu ibsi.
    Mata duree darbe jalatti waa’ee dalagaa baratteetta. Egaa waanti tokko kan inni dalagaa dalagu yoo annisaa qabaatedha. Kanaafuu annisaan qaamni tokko qabaatu hamma dalagaa qaamichi dalaguun safarama. Jecha biraan annisaan dandeettii dalagaa dalaguuti.
    Annisaan kal-dhabeedha.
    Yuunitiin waaltawaa annisaa akkuma kan dalagaa juulii(J)dha.
    Annisaan akaakuu adda addaatu jiru. Isaanis annisaa makaanikaalaa, annisaa keemikaalaa, annisaa ifaa, annisaa niyuuklaaraa, annisaa ho’aa, annisaa sagalee, annisaa bubbee fi kkf. Mata duree kana jalatti annisaa makaanikaalaa irratti xiyyeeffanna.
    Annisaa makaanikaalaa hubachuuf kanneen armaan gadii kana jireenya kee guyyaa guyyaa keessatti qalbeeffatteettaa? Waanti sochii irra jiru yommuu waanta biraatti bu’u haala sochii isaa jijjiirrata. Namni bakka tokko dhaabbatee fagina hamma utaaluu hin dandeeny caalaa fiigaa yoo dhufe immoo ni utaala. Dhagaan minjaala irra taa’uu danda’u tokko ol fuudhamee yoo gadi itti lakkifame immoo minjaalicha cabsuu danda’a ykn bakkaa sochoosa. Hangi waanta dhifamuu danda’u (pilaastikii, cedheedha) tti rarraafame yoo harkifamee gad lakkifame ni hollata.
    Walumaa galatti, annisaan makaanikaalaa annisaa waanti sababa sochii isaan ykn sababa lafa irraa ol ka’iinsa qabuun ykn sababa bocaa isaatiin qabaatudha. Karaa biraatiin annisaan makaanikaalaa ida’ama annisaa sochii fi annisaa kuufamaa waantichi qabaatuudha.
    Annisaa Makaanikaalaa = Annisaa Sochii + Annisaa Kuufamaa
    EM = EK + EP (U)
    Annisaa Sochii (EK) – waantootni sochii irra jiran hunduu annisaa ni qabaatu. Annisaan sochii annisaa waanti sababa socho’aa jiruuf ykn sababa saffisa qabuuf qabaatudha. Fkn Dhagaa qilleena keessa darbatamee fiigaa jiru, atileetii fiigaa jiru, konkolaataa konkolaachaa jiru, kubba lafa irra gangalataa jiruu fi kkf annisaa sochii qabu jechuudha.
    Annisaan sochii waanta hanga (m) qabuu fi saffisa (V)’n socho’aa jiruu hima herregaan yommuu barreeffamu:
    EM = ta’a.
    Mata duree darbe jalatti W = FScos ta’uu ilaalleerra.
    Yoo F//S ta’e immoo cos=1 waan ta’uuf W=FS ta’a.
    Karaa biraan immoo barnoota darban keessatti
    F=ma =m ( ),
    W= FS= m ( ) + (
    W
    Kanaafuu humni waanta irratti dalagaa’e ariitii waantichaa yoo jijjiire dalagaan humnichaan dalagame jijjiirama annisaa sochii waantichaa faana wal qixa ta’a.
    Fkn Humni waanta hanga 4kg qabuu fi saffisa 8m/s’n socho’aa jiru irratti dalagaa’uun saffisni waantichaa gara 12m/s tti yoo jijjiire dalagaa humna kanaan dalagame shallagi.
    Kennama Barbaadamaa Furmaata
    m= 4Kg a) W=? W=
    u=8m/s =
    v=12m/s =

Shaakala

  1. Waanta hanga 6Kg qabuu fi boqonnaa irra ture irratti humni 24N qabu yeroo 2se’f dalagaa’e kanneen armaan gadii shallagi.
    a) Dalagaa humnichaan dalagaa’e.
    b) Saffisa xumuraa waantichaa.
  2. Waanti saffisa “v”n deemaa ture saffisni isaa walakka isa duraatti yoo gad xiqqaate annisaan sochii waantichaa meeqaan xiqqaata?
    Annisaa kuufamaa (Ep) – annisaan kuufamaa akaakuwwan lamatu jiru. Isaanis:
    I. Annisaa kuufamaa sababa harkisa dachee (GPE) fi
    II. Annisaa kuufamaa illaastikii (EPE) dha.
    I. Annisaa kuufamaa sababa harkisa dachee (GPE) – waanti hanga qabu ol ka’iinsa ta’e irraa yommuu gadi lakkifamu waanta irratti kufe sana boca isaa ni jijjiira ykn ni cabsa ykn immoo bakka teessuma waantichaa jijjiiruu danda’a. Waantotni hang qaban sababa ol ka’iinsa birqabaa dirra lafaa irraa qabaniin annisaa isaan qabaatan kun annisaa kuufamaa sababa harkisa dachee jedhama. Waanti hanga “m” qabuu fi dirra lafa(dachee) irraa ol ka’iinsa (hojjaa) “h” irratti argamu annisaan kuufamaa sababa harkisa dachee waantichaa hima herregaan yommuu barreeffamu:
    B
    GPE= Ulfaatina x hojjaa (ol ka’iinsa) S h2
    GPE= Wxh (W=mg) g – guula sababa harkisa dachee A
    GPE=mgh ta’a. h1
    Dirra lafaa
    Fakkii 9.2 Humna alaan hanga dirree harkisa dachee keessa ol deemu
    Waanta hanga “m” qabu tokko dirra lafa irraa bakka ol ka’iinsa “h1” qabu “A” irraa gara bakka ol ka’iinsa “h2” qabu “B” tti ariitii dhaabbataan ol kaasuun dalagaan humna alaa dalagaa’een dalagame yoo ilaalle:
    W=FScos, F= ulfaatina = mg, S = h2-h1, =0
    Kana irraa W=FScos = mg (h2-h1) = mgh2-mgh1 = GPE
    Kanaafuu dalagaan humna alaan dalagame jijjiirama anniisaa kuufamaa sababa harkisa dachee waantichaa ta’a jechuudha.

II. Annisaa kuufamaa illaastikii (EPE) – waantotni akka pilaastikii fi cedheedhaa yommuu humni alaa isaan irratti dalagaa’u dhifamuun ykn kottoonfachuun annisaa kuufachuun annisichaan dalagaa dalaguu danda’u. Annisaa waantonni illaastikii kun dhifamuu ykn kottoonfachuu isaatiin karaa biraan sababa boca isaatiin qabaatan/kuufatan/ kun annisaa kuufamaa illaastikummaa jedhama.

x=0
                                                                            Bakka tasgabinaa
                                                                            (Equilibrium position)

  x
F

Fakkii 9.3 Hnga cedheedhatti hidhamee dirra gara dalgee irra hollachaa jiru
Hanga cedheedhatti hidhame kana bakka tasgabaa’inaa/equilibrium/(x=o) irraa bakka “x” fagaatu irraan gahuuf humni alaa irratti dalagaa’e dalagaa inni dalage shallaguuf:
W=FScos garuu seera Hook irraa humni alaa cedheedhicha irratti bakka x=o irraa gara tuqaa “x” fagaatu irraan gahuuf giddu galeessaan dalagaa’u
Fav=humna jalqabaa +
= 0+ ta’a.
Qaxxamurri hangichi deeme (S=x) ta’a, itti dabalees =0 waan ta’eef cos=1 ta’a.
Kanaafuu W= FScos =
Dalagaan humna alaan cedheedhicha irratti dalagame kun bifa annisaa kuufamaan waan kuufamuuf annisaan kuufamaa illaastikii cedheedhaa:
EpE (U) = W = k’n gatii dhaabbataa cedheedhaa kan bakka bu’u ta’ee yuunitiin waaltawaa isaa N/m ta’a.
Fkn Cedheedha gatii dhaabbataa 40N/m qabu bakka tasgabina isaa irraa 20cm dhisuun annisaan keessatti kuufamu meeqa ta’a?
Kennama Bardaadamaa Furmaata
K= 400N/m a) EPE =? EPE =
x= 20cm=0.2m = 8Nm = 8J ta’a.
Seera Gitaa’ummaa fi Jijjiirama Annisaa Makaanikaalaa
Jijjiirama annisaa hunda keessatti gitaa’ummaan annisaa ni hojjeta. Seerri gitaa’ummaa annisaa kun akka armaan gadiitti ibsama.
Annisaan hin uumamu ykn hin dhabamsiifamu (hin badu) haata’u malee akaakuu tokko irraa gara akaakuu biraatti jijjiiramu ni danda’a.
Ibsi armaan olii kun akka walii galaatti yommuu ta’u addatti kan annisaa makaanikaalaa yoo ilaalle immoo:
Annisaan makaanikaalaa walii galaa qaamolee sirna cufaa karaa humna harkisa dacheen ykn humna illaastikiin wal qunnamani hin jijjiiramu. Gabaabumaan annisaan makaanikaalaa qaamolee sirna cufaa hin jijjiramu.
Annisaan makaanikaalaa = dhaabbataadha.
EM +EP = dhaabbataa
Emi + EPi = EMf + EPf EPi – EPf = EMf – Emi
-EP = EM Seera gitaa’ummaa annisaa makaanikaalaa.
Annisaan makaanikaalaa waantichaa dhaabbataa kan inni ta’u yoo hammuma annisaan kuufamaa waanticha xiqqaatun annisaan sochii waantichaa immoo dabalaa deema ta’e ykn immoo faallaa kanaa ta’e dha.
Gitaa’ummaa annisaa makaanikaalaa kana haalota sadii keessatti haa ilaallu.
A. Kufaatii walabaa keessatti
B. Sochii hollannaa boobii peendulamii keessattii fi
C. Sochii hollannaa hanga cedheedhatti hidhamee keessatti.
A. Kufaatii walabaa keessatti
Akkuma fakkii 9.4 irratti mul’atutti annisaan A (Ep=mgh + EK=0) =EM
makaanikaalaa hanga kufaatii walabaa gaggeessu
kana qabxii sadeen (A, B fi C) irratti wal qixa ta’a. B EK+EP =EM
Haata’u malee bakka sadeen irratti iyyuu
annisaan sochiis ta’e annisaan kuufamaa C (EP=0 +EK=1/2mv2)=EM
waantichaa wal qixa miti. Fakkii 9.4 Hanga walabaan ol ka’iinsa irraa kufe
Battala waantichi qabxii “A” irraa sochii jalqabutti saffisa hin qabu waan ta’eef annisaan sochii waantichaa zeeroo ta’a. Annisaan makaanikaalaa isaa annisaa kuufamaa hangichaa faana wal qixa ta’a. Yommuu waantich qabxii “A” irraa gara qabxii “B” tti gadi kufu annisaan kuufamaa sababa harkisa dachee isaa ni xiqqaata annisaan sochii waantichaa immoo ni dabala. Hammi ittiin annisaan kuufamaa isaa xiqqaatuu fi hammi ittiin annisaan sochii waantichaa dabalu wal qixa ta’a. Battala qabxii “C” irra gahutti ol ka’iinsa waan hin qabneef waantichi annisaa sochii malee annisaa kuufamaa hin qabaatu. Annisaan makaanikaalaa waantichaa annisaa sochii isaa faana wal qixa ta’a jechuudha. Annisaan makaanikaalaa waantichaa qabxii hunda irratti iyyuu gitaa’aa waan ta’eef.
Fkn waanta hanga 2Kg qabuu fi ol ka’iinsa 20m irraa walabaan kufeef kanneen armaan gadii shallagi (g=10m/s2).
a) Annisaa makaanikaalaa waantichaa.
b) Annisaa sochii waantichaa battala lafa irraa ol ka’iinsa 15m irra jirutti.
c) Annisaa kuufamaa waantchaa baattala ariitiin isaa 12m/s gara gadiitti ta’utti.
d) Ariitii xumuraa waantich battala lafa gahutti.
Kennama Barbaadamaa
M = 2Kg a) EM =?
h = 20m b) EK=?
g = 10m/s2 c) EP=?
v0=0 d) vf=? Furmaata
a) annisaan makaanikaalaa bakka hundattuu dhaabbataa
waan ta’eef tuqaa “A” irratti:
EM = Ek +EP = 0+ mgh EM = 0 + (2Kg)(10m/s2)(20m) = 400Kgm2/s2 = 400J
b) EM=EK+EP = 400J = mgh + 1/2mv2
400J = (2x10x15) + ½(2) (v2) 400 = 300 + v2
100=v2 v= 10m/s ta’a.
c) Annisaan makaanikaala waantichaa bakka hundattu wal qixadha.
400J = EP + EK
400J = EP + 1/2mv2
400J = EP + (1/2x2x122)
400J = EP + 144
EP =400 – 144 = 256J
d) Annisaan makaanikaalaa waanitichaa annisaa sochii waantichi battala lafa tuqutti qabaatu faana wal qixa waan ta’eef.
EM=EK battala lafa ga’uu 400J = 1/2mvf2 400J = 1/2x2xvf2
v = 20m/s ta’a jechuudha.

Shaakala

  1. Waanta hang 4Kg qabuu fi walabaan ol ka’iinsa 40m irraa walabaan kufeef (g = 10m/s2 fayadami) kanneen armaan gadii shallagi.
    a. Ol ka’iinsa irratti annisaan sochii isaa fi annisaan kuufamaa isaa wal qixa ta’u.
    b. Battala annisaan sochii isaa fi annisaan kuufamaa isaa wal qixa ta’utti ariitii waantichi qabu.
  2. Kubbaan hanga 1Kg qabuu fi lafa irraa gara oliitti ariitii ka’umsaa 18m/s’n kallattiin rukkutamee sochii jalqabe:
    a. Ol ka’iinsa guddaa inni irra gahuu danda’u shallagi
    b. Ol ka’iinsa irratti annisaan sochii isaa si’a sadii annisaa kuufamaa isaa ta’u shallagi.
    B. Sochii hollannaa boobii peendulamii keessatti A
    C
    B
    Fakkii 9.5 Boobii peebdulamii sochii hollannaa irra jiru
    Boobii peendulamii qabxii “A” irraa gara qabxii “B” tti achii immoo gara qabxii “C” yummuu inni deemu annisaan makaanikaalaa isaa dhaabbataa yoo ta’e illee annisaan sochii fi annisaan kuufamaa isaa ni jijjiirama. Hammi annisaa kuufamaa isaa hir’achaa deemuu fi hammi annisaa sochii isaa dabalaa deemu wal qixa ta’a.
    Kanaafuu waantichi qabxii “A” irraa boqonnaa irraa yoo ka’e qabxicha irratti annisaan kuufamaa isaa fi annisaan makaanikaalaa isaa wal qixa ta’a. Yomuu qabxii “B” irra darbu immoo lafa irraa ol ka’iinsa waan hin qabneef annisaan makaanikaalaa isaa annisaa sochii hangichaa faana wal qixa ta’a jechuudha. Qabxiilee biroo irratti (fkn qabxii “C” irratti) immoo annisaan makaanikaalaa hangichaa ida’ama annisaa sochii fi annisaa kuufamaa waantichaa ta’a annisaan makaanikaalaa waanticha sochii akkasii keessatti gitaa’aa waan ta’eef.
    EM = EPA = EKB = EPC + EKC
    D. Sochii hollannaa hanga cedheedhatti hidhame keessatti
    Bakka tasgabinaa
    x
    F
    B C A
    Fakkii 9.6 Hanga cedheedhatti hidhamee dirra dalgee sochi hollataa keessa jiru.
    Hangi cedheedhatti qabsiifamee fi dirra dalgee rigata hin qabne irra humna “F”n hakifamee yommuu gad lakkifamu sababa humna cedheedhichaa hangichi gara duraa fi boodaatti irra deddeebiyuun sochii hollannaa gaggeessa. Yommu kana annisaan makaanikaalaa isaa dhaabbataa yoo ta’e illee annisaan sochii fi annisaan kuufamaa isaa ni jijjiiramu. Waantichi humna alaa “F”n irratti dalagaa’een qabxii “A” irraa boqonnaa irra yommuu jiraatu annisaa kuufamaa illaastikii qofaa qabaata. Yommuu achii gadhiifamee qabxii “B” keessa darbu immoo annisichi guutummaan guutuutti gara annisaa sochiitti jijjiirama waan ta’eef annisaa kuufamaa illaastikii hin qabaatu. Qabxii kanneeniin alatti garuu annisaan makaanikaalaa isaa ida’ama annisaa sochii isaa fi annisaa kuufamaa isaa ta’a jechuudha.
    EM = EPA = EKB = EPC + EKC
    Fkn Cedheedha gatii dhaabbataa 200N/m qabutti waanti hanga 2Kg qabu itti hidhame dirra dalgee diriiree fi rigata hin qabne irra 10cm dhifamee yoo gadhiifame kanneen armaan gadii shallagi.
    i. Annisaa makaanikaalaa waantichaa.
    ii. Battala bakka tasgabinaa isaa irra darbutti ariitii hangichi qabaatu.
    Kennama Barbaadamaa Furmaata
    K = 200N/m a) EM = ? a) EM = 1/2kx2
    m = 2Kg b) v = ? = ½(200) (0.1)2
    x = 10cm = 0.1m = 1Nm = 1J ta’a.
    e) Annisaan makaanikaalaa bakka hundattuu wal qixa waan ta’eef
    1/2kx2 = 1/2mv2 kx2 = mv2
    v2 = kx2/m = (200) (0.1)2/2 = 1m2/s2
    v = ta’a.
    Shaakala
  3. Fakkeny asii olitti shallagame irratti hundaa’uun gaaffilee asii gadii deebisi
    a) Bakka tasgabinaa (equilibrium postion) irraa fagina irratti annisaan sochii fi annisaan kuufamaa waantichaa wal qixa itti ta’u shallagi.
    b) Fagina kana irratti ariitii hangichaa shallagi

9.1.3 Aangoo Makaanikaalaa (Mechanical Power)
Toleeraan ba’aa kuntaala lama yeroo daqiiqaa tokko keessatti lafaa irraa fuudhee konkolaataa irratti yoo fe’e fi Caaltuun immoo yeroo wal qixaa kana keessatti ba’aa kuntaala tokko qofaa lafaa fuutee konkolaaticha irratti feete. As keessatti Toleeraan Caaltuu caalaa saffisa guddaan dalagaa dalaga jechuudha. Kanaafuu Toleeraan Caaltuu caalaa aangoo guddaa qaba jenna.
Angoon dalagaa yeroo yuunitii tokko keessatti dalagame ykn aangoon reettii dalagaa dalaguuti. Karaa biraan aangoon hamma annisaa yeroo yuunitii tokko keessatti akaakuu tokko irraa gara akaakuu biraatti jijjiiramedha.
Aangoo (P)=
P=
Yuunitiin waaltawaa aangoo J/s yoo ta’u kun immoo waatti (W) jedhama
1W=1J/s ta’a
Yuunitootni biroo Aangoon KW = 1000W = 103W fi MW = 1000000W = 106W faadha.
Aangoon kal- dhabee dha.
Fkn Namni gamoo ol ka’iinsa 40m irra dhaabbatee waanta hanga 30kg qabu lafa irra ture funyoon ol harkisee harkaan gahacuuf yeroon itti fudhate daqiiqaa lama yoo ta’e aangoo namichaa shallagi (g = 10m/s2) fayyadami.
Kennama Barbaadamaa Furmaata
m = 30m a) P =? a) P = W/t
h = 40m =
g = 10m/s2 =
t = 2daq. = 120se = 100Nm/s = 100W
Shaakala

  1. Leencoon humna 80N dalageessuun sanduuqa lafa dalgee irra fageenya 20m sochoose, yeroon sochii kana raawwachuuf itti fudhate 5 sec yoo ta’ee fi humni rigataa kan hin jirre yoo ta’e, hammi aangoon isaa meeqa ta’aa?
  2. Wanti hanga 12kg qabu ol-fageenya 120m irraa gadi-lakkofamee yeroo 2sec booda lafa yoo ga’e annisaan sochii wanti kun battala lafa gahutti qabu barbaadi.

9.2 Maashinoota Sasalphoo (Simple Machine)
Gochaa 9.3

  1. Hiika maashinoota sasalphoo hubannaa kana dura qabdu irraa ka’uun ibsi.
  2. Faayidaa maashinootni sasalphoo qaban jettee yaaddu tarreessi.
  3. Faayidaa makaanikaalaa jechuun maal jechuudha?
  4. Reeshoo Ariitii jechuun hoo?
  5. Akaakwwan maashinoota sasalphoo beektu Tarreessi.

9.2.1 Maashinoota sasalphoo fi faayidaa isaanii
Maashinootni meeshaalee dalagaa dalagnu karaa (haala) irra caalaa salphaa ta’een akka dalagnuuf kan nu gargaaraniidha. Kan akka qottoo, haaduu (albee), puulii, maqasii, biskileetii fi kkf dha. Kanaafuu mashinootni jireenya guyyaa guyyaa ilma namaa keessatti baay’ee barbaachisoodha.
Maashinootni sasalphoo kun faayidaa adda addaa qabu. Isaanis:

  1. Humna baay’suu – Maashinootni keessatti humni sochooftuu xiqqaa ba’aa guddaa sochoosuuf itti fayyadu. Fkn dirra habalakaa fi gumii puuliiwwanii
  2. Saffisa baay’isuu – Mashinoota humna sochooftuu fageenya xiqqaa ykn gabaabaa deemeen fayyadamuun ba’aa fageenya guddaa ykn dheeraa deemsisuuf fayyadu. Fkn Biskileetii
  3. Anniisaa daddabarsuu – Maashinoota annisaa bakka ykn waanta tokko irraa gara isa biraatti daddabarsuuf fayyadanidha. Fkn sabbata wiilota lama walitti qabsiisan.
  4. Anniisa jijjiiruu – Maashinoota keessatti annisaan bifa tokko irraa gara isa biraatti itti jijjiiramudha. Fkn Jenereetara
  5. Kallattii humnaa jijjjiiruu – Maashinoota keessatti humni sochooftuu fi ba’aan sochii kallattiin adda addaa ta’e qabaatanidha. Fkn Puulii qenxee dhaabbataa

Hubadhu:
 Maashiniin tokko al takkaatti humnaa fi saffisa wal faana baayisuu hin danda’u.
 Maashinootni yommuu dalagaan ittiin dalagamu anniisaa daddabarsu ykn gosa tokko irraa gara anniisaa gosa biraatti jijjiiru malee konkumaa anniisaa hin baay’isani sababiin isaa maashinootni annisaa hin uuman waan ta’eef.
Hiika jechoota bu’uuraa maashinoota sasalphoo
Humna sochooftuu (Effort) (E): Maashinichaan hojjachuuf jecha qaama alaatiin humna maashinicha irratti dalgeeffamudha.
Ba’aa (Load) (L): Humna irratti maashinichi dalagaa dalageessu ykn humni sochooftuu (E) maashinicha irratti dalagaa’uu isaa irraan kan ka’e humna maashinichi danda’udha ykn humna maashinichi qaama socho’u irratti dalageessudha.
Faayidaa (Bu’aa) makaanikaalaa (Mechanical Advantage) (MA): Faayidaan (Bu’aan) makaanikaalaa faayidaa maashinicha fayyadamuun keenya qabu kan ittiin ibsinudha. Faayidaan makaanikaalaa hirama ba’aa fi humna sochooftuudha. Kanaafuu reeshoo humnaas jedhamuu danda’a.

Faayidaan makaanikaalaa hirama humnoota lamaati waan ta’eef yuunitii maleessadha.
Faayidaan (Bu’aan) makanikaalaa maashinii gosa lamatu jiru.
i. Faayidaa makaanikaalaa dhugoo (Actual Mechanical Advantage) (AMA): faayidaa makaanikaalaa maashinichi haala qabatamaan ykn dhugaan kennu jechuudha.
ii. Faayidaa makaanikaalaa yaadoo (Ideal Mechanical Advantage) (IMA): faayidaa makaanikaalaa maashinichi yaadaan ykn bakka humni rigataa hin jiru jedhamee (yaadametti) fudhatamutti kennudha.

 Yoo faayidaan makaanikaalaa mashinii irra guddaa tokkoo ta’e maashinichi humna baay’isuuf fayyada jehuudha. Sababiin isaas humni maashinichi ba’aa irratti dalageessu humna maashinicha irratti qaama alaatiin dalagaa’u caala waan ta’eefi dha. Maashinootni akkasii ba’aa ulfaataa ta’e humna xiqqaan sochoosuuf fayyadu.
Fkn Mashinii tokkotti fayyadamuun ba’aa 200N ulfaatu sochoosuuf humni sochooftuu 40N ta’e qofti gahaa yoo ta’e faayidaan makaanikaalaa maashinichaa meeqa ta’a?
Kennama Barbaadamaan Furmaata
L = 200N E = 40N MA =?
Gatiin MA irra guddaa tokkoo (5) waan ta’eef maashinichi humna sochooftuu irratti dalagaa’u si’a shaniin baay’isuuf fayyada jechuudha.
Reeshoo Ariitii (velocity Ratio) (VR): Reeshoon ariitii hirama fageenya humni sochooftuun deeme fi fageenya ba’aan deemee ti. Kanaafuu reeshoo faginas ni jedham. Karaa biraa immoo reeshoon ariitii kun faayidaa makaanikaalaa maashiniin tokko yommuu humni rigataa hin jirre keessatti qabaatu ibsa waan ta’eef faayidaa makaanikaalaa yaaddoos ni jedhama.

Reeshoon Ariitii hirama fagina lamaa waan ta’eef yuuniti maleessadha.

Hubadhu:
i. Reeshoon ariitii maashinii tokkoo dhaabbataadha.
ii. Yoo humni rigataa zeeroo ta’u MA = VR ta’a.
 Yoo reeshoo ariitii irra xiqqaa tokkoo yoo ta’e maashinichi saffisa baay’isuuf fayyada. Sababiin isaas yeroo wal qixaa keessatti faginni ba’aan deemu fagina humni sochooftuu deemu caala waan ta’eef. Maashinoota akkasii keessatti ba’aan yeroo wal qixaa keessatti fageenya humni sochooftuu deeme caalaa deemsisuuf fayyada.
Fkn Ba’aan 12m akka deemu gochuuf humni sochooftuu maashina irratti dalagaa’u immoo 3m deemuu qaba yoo ta’e reeshoo ariitii maashinichaa shallagi.
Kennama Barbaadamaan Furmaata
SL = 12N VR =?
SE = 3N
Gatiin VR irra xiqaa tokkoo (0.25) waan ta’eef maashinichi yeroo walqixaa keessatti yommuu humni sochooftuu 1m qofa deemtu ba’aan immoo 4m akka deemu taasisa waan ta’eef saffisa si’a afuriin baay’isuuf fayyada jechuudha.
Ga’umsa (Efficiency) ( ): Ga’umsi maashinii dandeettii ykn haalli inni itti dalagaa isa irratti dalagaa’e gara dalagaa bu’a qabeessaatti (dalagaa gara hin barbaadamnetti hin qisaasofnetti) jijjiiruuf qabudha. Ga’umsi maashinii yeroo baay’ee dhibbantaan ibsama. Kanaafuu karaa biraan ga’umsi maashinii tokkoo dhibbantaa dalagaa ciicataa isa irratti dalagaa’e inni gara dalagaa bu’aatti jijjiirudha.
Ga’umsi maashinii hirama faayidaa makaanikaalaa fi reeshoo ariitiis ni ta’a.

Garuu fi VR waan ta’eef

Garuu LxSL=Wo Dalagaa Bu’aa (dalagaa maashinichaan dalagame) agrsiisa.
ExSE=Wi Dalagaa Ciicataa (dalagaa maashinichaa irratti dalagame) agrsiisa.

Yoo Po = Aangoo maashinichaa irratti dalagaa’ee fi
Pi= Aangoo maashinichaan dalagaa’ee agarsiisa ta’e.
Dalagaa maashinicha irratti dalagaa’u keessaa gariin isaa humna rigataan waan qisaasa’uuf dalagaan maashinichaan dalagaa’u (Wo) irra xiqqaa dalagaa maashicha irratti dalagaa’ee (Wi) waan ta’eef ga’umsi maashinichaa irra xiqqaa tokkoo (1) ykn 100% ta’a. Yommuu humni rigataa akka hin jirreetti yaadamu (maashinii yaaddoo keessatti) garuu ga’umsi maashinii tokko(1) ykn 100% ta’a.
Fkn Maashinii keessatti MA 6 ta’eefi VR’n immoo 8 ta’eef ga’umsa maashinichaa shallagi.
Kennama Barbaadamaan Furmaata
MA = 6 VR = 8 =?
Fkn Maashinii fonqolchaa tokkoo fayyadamuun ba’aa 100N ta’e 1m bakka isaatii ol kaasuuf humni sochooftuu 50N ta’e fagina 4m deemuu qaba yoo ta’e kanneen armaan gadii shallagi.
a) Ga’umsa maashinichaa b) Annisaa qisaasa’e
Kennama Barbaadamaan Furmaata
L = 100N a) =? a)
E= 50N b) Eqisaasa’e =?
SL=1m
SE=4m b) Annisaan qisaasa’e garaagarumaa dalagaa maashinicha irratti dalagaa’ee fi dalagaa maashinichaan dalagameeti.
Eqisaasa’e = Wi – Wo garuu Wi= ExSE =50Nx4m=200Nm=200J
Wo= LxSL=100Nx1m=100Nm=100J
kanaafuu Eqisaasa’e = Wi – Wo =200J-100J=100J ta’a.
9.2.2Akaakuuwwan Maashinoota Sasalphoo
Maashinootni sasalphoo akaakuuwwan jaha of keessaa qabu. Isaanis:

  1. Fonqolcha (lever) 4. Wiilii fi Ulee isaa
  2. Puulii (pulley) 5. Qottoo (axle)
  3. Bal’insa habalakaa (inclined plane) 6. Iskiriwuu fi Giriiwwani (screw and Gear)
  4. Fonqolcha(Lever)

Fonqolichi meeshaa kamuu kan utubduu (Pivote/Fulcrum) isaa irratti walabaan naanna’uu danda’udha. Fonqolchi maashinii humna xiqqaa dalalgeessuun dalagaa salphaatti ittiin dalagamu dha. Fonqolchi qabxiilee baay’ee barabaachisoo kan akka qabxii humna sochooftuu (E), qabxii ba’aa (L) fi qabxii utubduu (F) qaba.

            Ba’aa (L)                                                       Humna sochooftuu (E)


 Utubduu (F)

Fakkii 9.7 Fonqolchaa
Fonqolchi bakka utubduun, ba’aaniifi humni sochooftuu itti argaman irratti hundaa’uun sadarkaa sadiitti qoodamu. Isaanis:
i. Fonqolcha sadarkaa tokkoffaa- kun yoo utubduun fonqolchichaa ba’aa fi humna sochooftuu gidduutti argama ta’edha. Fkn qoorbii (manshii), maqasii, burruusa (madooshaa) yommuu itti mismaara buqqaasanii fi kkf.

           Ba’aa (L)                                                          Humna sochooftuu (E)


 Utubduu (F)

Fakkii 9.8 Fonqolcha sadarkaa tokkoffaa

ii. Fonqolcha sadarkaa lammaffaa- kun yoo ba’aan utubduu fonqolchichaa fi humna sochooftuu gidduutti argama ta’e dha.

                Ba’aa (L)                                         


       Utubduu (F)                                                   Humna sochooftuu (E) 

Fakkii 9.9 Fonqolcha sadarkaa lammaffaa

iii. Fonqolcha sadarkaa sadaffaa- kun yoo humni sochooftuu utubduu fonqolchichaa fi ba’aa gidduutti argama ta’e dha.

                                                    Ba’aa (L)                                    


       Utubduu (F)                 Humna sochooftuu (E) 

Fakkii 9.10 Fonqolcha sadarkaa tokkoffaa
Fkn Akkuma fakkii armaan gadii irratti mula’atutti bakka tasgabinaa(equilibrium) isaa irraa ba’aa ulfaatina 200N qabuu fi utubduu irraa 1m fagaatu 20cm ol kaasuuf humni sochooftuu 160N ta’ee fi utubduu irraa 2m qabu yoo 30cm gad bu’e kanneen armaan gadii shallagi
a) Faayidaa Makaanikaalaa
b) Reeshoo Ariitii
c) Ga’umsa maashinichaa
d) Dalagaa Ciicataa
e) Dalagaa Bu’aa

                           20cm
30cm

Fakkii 9.11 Hanga fonqolchaan ol kaafame

Kennama Barbaadamaa
L=200N SE=40cm=0.3m a) MA c) e) Wo
E=160N SL=20cm=0.2m b) VR d) Wi
Furmaata

Wo= LxSL=200Nx0.2m=40Nm=40J

  1. Puulii (Pulley)
    Puuliin maashinii meeshaa lafarraa salphaatti ol kaasuuf tajaajiludha. Puuliin qaama geengawaa/Wiilii/ naannawaan isaa akka funyoon irra deemuu danda’uuf kan dhooqee ta’ee yommuu funyichi harkifamu siiqqee isaa wiirtuu (handhuura) wiilichaa keessa darbuu irratti walabaan naanna’udha. Ba’aan fiixee funyoo dhooqaa wiilii puulii irra darbu tokkotti yommuu qabsiifamu fiixeen biroo isaa immoo humni sochooftuuti itti qabsiifama.
    I. Puulii dhaabbataa qeenxee- gosti puulii kun sababa uleen handhuura wiilii puulichaa keessa darbu hin sochooneef ykn wanta dhaabbataa ta’etti hidhameef jecha ba’aa faana kan hin sochoonedha. Gosti puulii kanaa kallattii humnaa jijjiiruuf kan fayyadudha. Humni funyoo irratti dalagaa’u humna dhisamaa/tension/ jedhama. Humni sochhoftuu funyoo/aada/ irratti dalagaa’uu fi ba’aan hammaan walqixaa fi kallattiin immoo adda ta’u.
    Kana keessatti SE=SL fi yoo humni rigataa hin jiru ta’e E=L ta’a. T E L

Fakkii 9.12 Puulii dhaabbataa qeenxee
Gocha 9.4
Fakkii 9.12 armaan olii kana irratti hundaa’uun Yoo humni rigataa hin jiru ta’e ga’umsi puulii dhaabbataa qeenxee kanaa meeqa ta’a?

II. Puulii socho’aa qeenxee- puuliin socho’aa qeenxee kan ba’aa faana wal qabatee socho’udha. Kunis waan uleen handhuura wiilii isaa keessa darbu walabaan socho’aa ta’eefiidha. Humni dhisamaa/tension/funyoo keessaa fi humni sochooftuu dalageeffame wal qixadha. Ulfaatinni ba’ichaa ida’ama humnoota gara olii faana wal qixa ta’a. kana jechuum immoo humni sochooftuu walakkaa ulfaatinaa(ba’aa) ta’a jechuudha.

Kana irraa immoo
Puuliin socho’aa qeenxee humna baay’suuf fayyada jechuudha.

                                                      T           E


                                                                  L

Fakkii 9.13 Puulii socho’aa qeenxee
III. Gumii puuliiwwanii – gumiin puulii kun kan inni uumamu qindoomina puulii dhaabbataa tokkoo fi puulii sosochootuu tokkoon ta’a.

                T      T           F



L

Fakkii 9.14 Gumii Puuliiwwanii
Shaakala

  1. Gumii puulii kanaaf yoo humni rigataa funyoo fi puulii gidduu akka hin jirreetti yaadame:
    a. Faayidaan Makaanikaala isaa 2,
    b. Reeshoon Ariitii isaa 2 fi
    c. Ga’umsi isaa 100% ta’uu isaa agarsiisi.
  2. Bal’insa habalakaa(Inclined Plane)
    Nammotni ba’aa ulfaataa (fkn barmeelii bishaaniin guutame) konkolaataa irratti fe’uuf ykn buusuuf baachuu irra muka/bilookii/ itti hikifatanii yommuu isaan isa dhiiban agartee beektaa?
    Mukichi ykn bilookichi haala kanaan dhimma baasu sun bal’insa habalakaa jedhama. Bal’insi habalakaa dirra/bilookii/ habalakeeffame ba’aa guddaa humna sochooftuu xiqqaan irra deemsisuuf fayyada. S=SE
    F H=SL

Fakkii 9.15 Hanga bal’insa habalakaa irra ol dhiibamaa jiru
Reeshoo Ariitii (VR)=
Kanaafuu VR=
MA maashinii kanaa argachuuf immoo seera gitaa’ummaa anniisaa makaanikaalaa irraa
Wo = Wi akka ta’uutti yaaduun ta’a.
LxH = ExS Kana irraa immoo MA=
Haa ta’u malee dhugaan /qabatamaan/ yommuu shallagamu kana gadi ta’a sababa humna rigataan.
Fkn Fakkii armaan olii irratti (Fakki 9.15) yoo ulfaatinni ba’ichaa 1000N dheerina habalakaa 8m ol ka’iinsa 6m ol deemsisuuf humni sochooftuu 600N dhimma itti bahamee fi humni rigataa hin jiru jedhamee yoo yaadame ga’umsa maashinichaa shallagi.
Furmaata
=
Gocha
Maashiniin kun baay’istuu humnaa moo baay’istuu saffisaa sitti fakkaata? Maaliif?

  1. Wiilii fi Ulee isaa (Wheel & Axle)
    Geengoo puulii lamaa kan raadiyasiin isaanii walcaalu walitti maxxanfamanii siiqqee tokko irrati nanna’amudha. Humni sochooftuu (E)’n funyoo wiilii isa raadiyasii dheeraa qabu irra maramutti yommuu qabsiifamu ba’aan (L) immo fiixee funyichaa ulee wiiliichaa raadiyasii xiqqaa qabu irra kallattii faallaan maramuutti qabsiifamee akka ol ka’u ta’a.
    R
    R r E L
    Fakkii 9.16 Wiilii fi Ulee isaa

Deemsa marsaa tokkoo wiilichaatti humni sochooftuu 2 (Marsaa guutuu wiiliichaa) yommuu deemu ba’aan immoo 2 (Marsaa guutuu furdina ulichaa) ta’a.

Kanarraa immoo

Faayidaa makaanikaalaa maashinichaa qaama humna rigataa hin qabneef
Lxr=ExR

  1. Iskiriiwuu (Screw) Iskiriiwuun bal’insa habalakaa waanta boca siliindarii qabu irratti maramedha. Meeshaaleen iskiriiwuun gosa adda addaatu jiru. Maashiniin kun waanta tokko salphaatti uruuf ykn hidhuuf kan tajaajiludha. Maashiniin kun humni sochooftuu mataa iskiriiwuchaa yommuu inni marsaa tokko naannessu ba’aa isa irratti fe’ame immoo hamma dheerina ilkaan isaa lama gidduu jiruu ol baha. Yoo faginni maraa ilkaan iskiriiwichaa gidduu jiru “P” ta’ee fi “r” immoo raadiyasii waanta(ulee) iskiriiwuchaa naannessuu ta’e Reeshoon Ariitii maashinichaa(VR):
    VR= SL=P waan ta’eef.
  2. Qottoo (Wedge)
    Qottoon meeshaa qaamni isaa gama lamaaniinuu (gamaagamanaanuu) bal’insa habalakaa ykn piriizimii rektaangulawaa gama lachuunuu kofa xiqqaa qabudha.
    a l Fakkii 9.17 Qottoo</code></pre>Humni rigataa qottoo fayyadamuu keessa jiraatu guddaa ta’uu isaa irraan kan ka’e reeshoon ariitii isaa baay’ee xiqqaa ta’a. Faayidaan makaanikaalaa maashinii kanaa garuu reeshoo dheerinaa (l) fi furdina(a) qara(fiixee) qottichaa irratti hundaa’a.
    Kanaafuu MA=
    Hubadhu
     Maashinootni sasalphoon walitti qindaa’uun maashinoota warra baay’ee wal xaxaa ta’an tolchuuf (ijaaruuf) nu fayyadu. Maashinoota akkasii kana keessatti immoo reeshoon walii gala maashinichaa ida’ama tokkoo reeshoo ariitii maashinoota sasalphoo isaa yommuu ta’u ga’umsi walii gala maashinichaa immoo baay’ataa ga’umsa maashinoota sasalphoo maashinicha keessa jiruu ta’a.

Cuunfaa boqonnaa kanaa
 Dalagaan dalagameera jedhamuuf humni alaa waanta irratti dalageessuu qaba, waantichi soch’uu qaba akkasumas kallattiin itti humni dalagaa’ee fi sochiin waantichaa waliif perpendikulaarii ta’uu hin qaban.
 Jijjiiramni annisaa dalagaa faana wal qixa ta’a. Dalagaan kal- dhabeedha.
 Annisaan dandeetti dalagaa dalaguuti.
 Annisaan makaanikaala ida’ama annisaa kuufamaa fi annisaa sochii ti. Annisaan sochii annisaa sababa sochii ykn ariitii waanti qabaatu yommuu ta’u annisaan kuufamaa immoo annisaa waanti sababa ol ka’iinsa lafa irraa qabuun ykn immoo boca isaan waanti qabaatudha.
 Sirna cufaa keessatti annisaan makaanikaalaa gitaa’aadha.
 Aangoon reettii dalagaa dalaguuti ykn reettii jijjiirama annisaati.
 Maashiniin sasalphoon jireenya ilma namaa guyyaa guyyaa keessatti baay’ee barbaachisaa waan ta’eef waa’ee isaanii hubachuun barbaachisaadha.
 Maashinootni sasalphaa yokaan humna baayisu,yokaan saffisa baay’isu yokaan immoo kallatti humnaa jijjiiruuf fayyadu malee kanneen keessaa al takkaatti faayidaa tokkoo ol qabaachuu hin danda’u.
 Maashinootni sasalphoo gosa jahatu jiru. Isaanis: Fonqolcha Puulii Bal’insa habalakaa wiilii fi ulee isaa fi qottoodha.
 Yoo ba’aan(L) fi humni sochooftuu(E) ta’e Faayidaan makaanikaalaa maashinoota sasalphoo maashinichaa

Poroobleemota Boqonnichaa

  1. Humni alaa 50N ta’e tokko waanta hanga 10Kg qabu irratti dalagaa’ee lafa irra gara dalgaatti 20m yoo kallatti humnichaa irra sochoose dalagaa humnichaan dalagame shallagi.
  2. Fakkii armaan gadii irratti akka mul’atutti humni 100N qabu waanta hanga 20Kg qabu irratti dalagaa’ee bakka duraan ture irraa dirra dhaabbataan humna rigataa µ=0.4 qabu irra 40m yoo foqoqsiise dalagaa humnichaan dalagame shallagi (g=10m/s2 fayyadami).
    F= 100N  = 600 
  3. Waanta hanga 4Kg qabuu fi ariitii 6m/s’n deemaa ture irratti humni alaa faalla deemsa isaan irratti dalageesinaan ariitiin isaa gara 2m/s tti yoo jijjiirame dalagaa humnichaan dalagame shallagi.
  4. Waanta hanga 8Kg qabuu fi lafa irraa gara oliitti kallattiin ariitii ka’umsaa 20m/s rukkutame sochii jalqabe:
    a. Annisaa makaanikaalaa waantichaa shallagi.
    b. Ol ka’iinsa guddaa inni irra gahuu danda’u shallagi
    c. Ol ka’iinsa irratti annisaan sochii isaa si’a sadii annisaa kuufamaa isaa ta’u shallagi.
    d. Battala yeroon 0.5se ta’utti ariitii inni qabu shallagi.
  5. Boobiin peendulamii (fakkii armaan gadii irraa) bakka ol ka’iinsa 60cm qabu irraa bilisaan gad lakkifameef kanneen armaan gadii shallagi (g=10m/s2 fayyadami).
    a. Annisaa makaanikaalaa boobii peendulamichaa.
    b. Ariitii boobichi battala qabxii “B” irra darbutti qabaatu.
    c. Kan qabxii “C” 30cm yoo ta’eef ariitii boobichi qabxicha irratti qabaatu. A
    60cm C
    B
  6. Maqaa maashinoota sasalphoo armaan gadii fuula duratti bakka faayidaa isaanii isa sirrii ibsutti mallattoon agarsiisi.

Lak Maqaa Maashinichaa Faayidaa Maashinichaa
Humna Baay’isuu Saffisa Baay’isuu Kallattii Humnaa Jijjiiruu
1 Fonqolcha
2 Puulii qeenxee dhaabbataa
3 Puulii qeenxee socho’aa
4 Qindoomina puuliiwwanii
5 Bal’insa Habalakaa
6 Wiilii fi Ulee isaa
7 Iskiriiwuu
8 Qottoo

  1. Ga’umsi maashinii tokkoo 60% yoo ta’ee fi namni tokko maashinii kanatti fayyadamuun ba’aa 100Kg qabu fageenya olee 2m yoo ittiin deemsise, dalagaan namichaan dalagame meeqa ta’a?
  2. Gumiiwwan puulii asii gaditti kennameef humni sochooftuu isaa 50N yoo ta’e kanneen armaan gadii shallagi:
    a. Faayidaa Makaanikaala isaa (MA).
    b. Reeshoo Ariitii (VR).
    c. Ga’umsa maashinichaa (η). T T F

Kitaabilee Waabii
Mesfin Minaye, (2006): New Physics (2nd Edition)
Mesfin Minaye, (2002): Preparatory Physics 1 mechanics (revised Edition)
Ashebir W/Amanuel,(2002): Royal Physics Education for grade 7 and 8
========= Physics (Phy-101): Physics Module for TTC in oromia

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.