Basic Mother Tounge – MT 112

Mata duree Koorsii   –    Bu’uura Barnoota Afaan Tokkoffaa

Lakk. Koodii –   Mot 111                             

Weeyitii Torbanii –     3

Ibsa Koorsichaa

Koorsiin kun leenjifamtoota barsiisota sadarkaa tokkoffaa hundaaf akka waliigalaatti kan kennamuudha. Leenjifamtoonni koorsota sadarkaa lammaaffaafi qophaa’inaatti  barnoota Afaan tokkoffaa isaanii keessatti barachaa turanii irratti kan xiyyeeffatu ta’ee, qabiyyeewwan dagatamaniifi  kanneen hingaliniif hafan irratti hundaa’uun kan qophaa’eedha. Kunis immoo qabiyyeewwan  qaawwaa ykn hanqinaalee uumaman guutuuf  yaadameeti.  Kanaaf, qabiyyeewwan adda addaa of jalatti hammatee jira.Isaanis:  maalummaa fi bu’aa dubbisuu, kaayyoo dubbisuu, maalummaa jechaa, uumama jechaa, filannoo jechootaafi itti fayyadamasaanii,  maalummaa himaa, ijaarsa himaa fi caasaalee isaa,  maalummaa keeyyataa, ijaarsa keeyyataa , gosoota keeyyataa,caasaalee keeyyataafi keeyata hiikaafi seera qabeessa ijaaruu irratti kan xiyyeeffatuudha.

Kaayyoon waliigala moojula kanaa: Leenjifamtoonni koorsii kana baratanii xumuran

  • Maalummaafi faayidaa dubbisuu qabiyyeesaa kaayyoo waliin walsimsiisuun filuun ni dubbisu
  • Maalummaa ,uumamaafi itti fayyadama jechootaa fi jechoota hiika qabeessa filachuun itti fayyadamu
  • Gosoota himaa addaan baasuun himoota hiika qabeessa ta’an nibarreessu
  • Barreeffama keessatti sirna tuqaalee seeraan itti fayyadamu.
  • Maalummaa keeyyataa hubachuun dandeettii keeyyattoota gaggabaaboo barreessuu fi qindeessuun itti fayyadamu.

BOQONNAA TOKKO

DUBBISUU

  1. Maalummaa Dubbuu

Dubbisuun waan waraqaarratti galmaa’ee jiru tokkoof hiika keennuu jechuudha. Waam barraa’ee jiru tokkoof hiika kennuuf immoo :

  • Jecha barreeffamaan jiru addaan baafachuu –
  • Jechoota sanaaf hiika uumuu
  • Jechoota wal tarree hiriiran hubachuun hiika itti kennuu: kun immoo dubbisuu ariifataafi hojii sirrii taasisa.

Dubbisuun adeemsa walxaxaa yaad-qalbii waliin walqabatu ta’ee kan mallattoo gara hiika qabeessaatti jijjiiruudha. Dubbisuun adeemsa ittiin afaan dhuuunfatan, ittiin waliigalan, odeeffannoo fi yaada ittiin walii qoodaniidha. Walitti dhufeenya  wal xaxaa  dubbisaa fi barreeffama gidduutti geggeeffamu ta’ee,  beekumsa dudduubee, muuxannoo, ilaalcha fi beekumsa aadaa hawaasa afaanichaa dubbisaan qabu  irratti hundaa’uun kan hiiki itti kennamaa  deemuudha. Adeemsi dubbisuu kaka’umsa, fedhii fi shaakala walitti fufiinsaa barbaada.

Bu’aa namoota kan biraaf jecha sagalee olkaasanii dubbisuun haa jiraatu iyyuu malee, dubbisuun hojii dhuunfaati.

  1. Kaayyoo Dubbisuu

Kaayyoolee Barnootichaa: Xumura banoota kanaatti:

  • Dubbisuun kaayyoo akka qabu ni hubatta
  • Kaayyoolee dubbisuu garaa garaa ni ibsita,
  • Dubbisuu keessatti faayidaalee  kaayyoon  qabu ni baratta.
  • Kaayyoo irratti hundaa’anii barreeffama akkamii akka dubbisuu qaban adda ni baafatta.

Dandeettiiwwan gurguddoon afaan keessatti beekaman  dubbisuu, barreessuu, dubbachuu fi dhaggeeffachuu) waliin dorgomsiisuun sadarkaan kaa’uun hindandaa’amu.  Inni tokko isa tokkoo oli yookaan gadi jedhanii kaa’uun rakkisaadha. Sababni  isaas , faayidaan isaan dhala namaaf kennan walqabatee kan adeemu waan ta’eef. Haata’uyyuu malee, dubbisuun kaayyoowwan gurguddaa  garaagaraa qaba. Isaanis:

  1. Dandeettiiwwan afaanii kanneen biro cimsachuufi fedhii itti guddifachuuf (seerluga, jechoota, sagaleessuu, barreessuu… cimsachuu keessatti iddoo guddaa qaba).  Baayyee dubbisuun  dandeettii barreessuu gabbisuu keessatti iddoo guddaa qaba.
  2. Dubbisaa gaarii ta’uuf : Dubbisuudhaan dandeettii dubbisuu fooyyeffachuunf  gargaara.
  3. Dandeettii gadi fageenyaan yaaduu cimsachuuf:
  4. Bashannanaaf /itti gammaduuf

    5. Mul’ata Gaarii Horachuuf Dubbisuu

  1. Barreeffama tokko dubbistee mul’ata gaarii irraa horachuuf  

kaayyeeffattee beettaa?

  • Barreeffamoota dubbistee beektu keessaa mul’ata gaarii namaaf kenna kan   jettu akka fakkeenyaatti maqaa dha’i.
  • Yeroo baayyee barreeffamoonni mul’ata gaarii namaaf kennan             

      barreeffamoota akkamiiti?

 d. Gara fuulduraatti maal ta’uu barbaadda?

6. Odeeffannoo argachuuff

7. Odeeffannoo argame deebisanii Himuuf

1.3.Sadarkaalee Dubbisuu                            

Dandeettiin dubbisuu akkuma dandeettiiwwan afaanii kanneen biroo shaakalaan barachuufi gabbachuu barbaada. Namni dubisaa gaarii ta’u tokkos (kan waan dubbise keessaa ergaa isaa hubatu) gahumsa dubbisuu adeemsaan horachuu qaba.  Gahumsa akkaanaa horachuuf immoo dubbisaan sadarkaalee dubbisuu jiran keessaatti hojiiwwan raawwataman hordofuun raawwachuun barbaachisaadha.  Walittidhufeenyi barataafi barsiisaa daree barnootaa keesstti kan inni uumamuu jajjabinaafi deggersa barsiisaan godhu irratti hudaa’uun barattoota sadarkaa gadii jiranitti ofitti amantummaa cimmaa akka uummatan gochuudhaan. Kunis immoo kan ta’uuf barattooti sadarkaa gadiirra jiraan baayyeen isaanii daree guutuu, garee, ykn cimdiin yeroo hojjetan, yeroo dubbatan saalfatoo, yoo dogoggora uuman sodaatoo waan ta’aniif sadarkaaleen kun kana salphisuu keessatti iddoo guddaa qaba.

 Sadarkaaleen dubbisuu gurguddoo dubbisaan shaakala dubbisuu irratti gochuu qabus sadiidha.

Isaanis : Sadarkaa dubbisa duraa, Sadarkaa ennaa dubbisaa fi sadarkaa dubbisa boodaa jechuun beekamu.

Kaayyoo: Barnoota kana booda:

  • Maalummaa sadarkaalee dubbisuu ni ibsita
  • Gosoota sadarkaalee dubbisuu adda  ni  baafatta.
  • Dubbisa dhiyaate irratti dursitee muuxannoo qabdu ni fidda.
  • Dubbisa dhiyaate erga dubbistee booda yaada isaa jechoota mataa keetiin gabaabsitee ni ibsita.
  • Faayidaalee sadarkaalee dubbisuu ni hubatta

Shaakala-1

Gaaffiilee armaan gadii irratti lama lamaa ta’uun erga mari’attanii booda yaada keessan dareef gabaasaa.

  1. Dubbisa kenname tokko dubbistee ergaa isaa hubachuuf osoo gara dubbisichaa deemtee hin dubbisiin dursitee wantoonni raawwachuu qabdu maal fa’i?

____________________________________________________

  • Dubbisa kenname yeroo dubbisaa jirtutti wantoota gochuu qabduu fi hin qabne hiriyyaa keetti himi?

   ____________________________________________________

  • Kaayyoon gochaalee dubbisa boodaa maali?   ___________________________________________________

1.3.1. Sadarkaalee Dubbisuu

Dubbisuun adeemsaan kan shaakalamuudha. Adeemsa shaakala dubbisuu keessa sadarkaalee sadiitu jiru. Isaanis: Sadarkaalee dubbisa duraa, Sadarkaa yeroo dubbisaa jiranii  fi Sadarkaa dubbisa boodaati.

  1. Sadarkaa dubbisuun duraa (Pre-reading)

Sadarkaa dubbisuun duraa akkuma maqaa isaa irraa hubatamu, osoo dubbisa dhiyaate hin dubbisiin dura waa’ee dubbisichaa ilaalchisee ykn gara dubbisichaatti yaada namaa wantoota geessan (harkisan) fi kakaasuu danda’an hojjechuudha. Wantoonni (gochoonni) gurguddoo sadarkaa kana jalatti rawwatamaan sadii. Isaaniis: Muuxannoo durii barreeffamatti fiduu,kaayyoo horachuu(qabachuu) fi qajeelfama hubachuudha.

  1. Muuxannoo Durii Barreeffamatti Fiduu

As jalatti dubbisaan tokko osoo dubbisa dhiyaateef hin dubbisiin mata duree dubbisichaa fi qabiyyee guutuu dubbisichaa waliin muuxannoo inni duraan qabu maal akka fakkaatu bakka itti ilaalamudha. Dubbisaaniis muxannoo duraan qabu gara qabiyyee dubbisichaatti fidachuu kan danda’u gaaffiilee sadarkaa dubbisuun duraa keessatti qopha’aan deebisuun.Akkasumaas, dubbisaan muxannoo duraanii gara dubbisichaatti fiduuf dursee mata duree dubbisichaa ilaaluun gaarii ta’a.Haaluma kanaan hiikni mata durichaa maal akka ta’e of gaafachuun deebii xinxaluu ykn namoota biroo waliin mata duricha irratti yaada wal jijiiruun hubannoo argachuu qaba.

Gara biraatiin dubbisichi yoo fakkii, giraafii, kaartaa fi kkf qabaate osoo hin dubbisiin dura hubachuun yaada itti kennuun muxannoo duraa gara barreeffamichaatti fiduun ni danda’ama.Walumaa galatti gaaffilee dubbisuun dura hojjechuunis ta’ee mata duree dubbisichaa fi fakkii ilaaluun dubbisa dhiyaate dubbisuun dura xiinxaluun,muuxanoo duraan qaban gara dubbisichaatti fiduun, yeroo dubbisatti galamu dubbisicha salphaatti hubachuufi kaka’umsa dubbisicha irratti qaban cimsa.

  • Kaayyoo Horachuu (Qabaachuu)

Barsiisaan dubbisa tokko barattoota isaatiif dhiheessuun dura kaayyoo dubbisichaa hubachiisuun baayyee barbaachisaadha. Kaayyoon dubbisa dhihaatuu inni guddaan yaada waliigalaa dubbisichaa argachuuf, odeeffannoo haaraa argachuuf, jechoota haaraa argachuuf akkasumsa adeemsa barreeffama odeeffaannoon ittiin dhihaatee san hubachuuf hedduu gargaara.

Namni tokko dubbisuun dura kaayyoo ifaa qabaachuun barbaachisaadha. Kana jechuun osoo gara dubbisichaatti hin seeniin dura maal gochuuf akka dubbisuu dursee of gaafatee deebiis ofii deebisee gara dubbisichaatti darbuu qaba. Kana ta’uu bannaan dubbisicha keessa lixeetu akka nama farda luugama hin qabne yaabbatee, garamitti akka deemuu fi maal akka godhu  hin beeknee ta,a.

  • Qajeelfama hubachuu

Dubbisaan qajeelfama dubbisuu irratti kenname hubate, yeroo dubbisuutti seenu maal akka godhu salphaatti ni hubata.Kanaaf, namni waa dubbisu tokko osoo gara dubbisa dhiyaateetti hin darbiin dursee qajeelfamoota kennamaan hubachuun barbaachisaadha.

  • Gochaalee tilmaamaa kennuu

Barsiisaan mata duree dubbisa barsiisuuf deemu bareessuun waa’ee maalii akka dubbisuuf deeman akka tilmaaman gochuun ,yookaan ammo yoo dandaa’amef  fakkii mata duree barsiisuuf deemu waliin walitti dhufu itti argisiisuun dhimma barachuuf deeman akka tilmaaman gochuun kan shaakalamuudha.

Gaaffileen as jalatti gaafatamuuf malan kanneen akka:

  • Maaltu ta’e?
  • Eessatti ta’ee?
  • Eenyutu raawwatee?
  • Attamitti raawwatee? fi kkf gaafachuun ariitiin deebisuuf daree guutuun akka keessatti hirmaatu taasisuun dandeettii ariitiin yaaduufi hirmaannaa cimsuutti dabalee miira dorgommii barattoota gidduutti uumuun fedhii dubbisuu barattootaa cimsuuf gargaara.
  1. Sadarkaa yeroo Dubbisaa Jiranii (while reading)

Mata duree kana jalatti mata dureewwan xixiqqoo hammataman: yaada sammuu keenyatti dhufe xinxalaa (barreessaa) deemuu, jechoota adda addaa xiyyeeffanno garaagaraan dubbisuu, yaada ijoo barreessaa addaan baasuu, yaanni barreessaa akkamitti akka baballatu ilaalaa dubbisuu fi kkf. Isaan kunis tokko tokkoon akka armaan gadiitti dhiyaataniiru. Kanaaf ,Yemmuu dubbisa tokko dubbistuus hojiitti hiikuu yaali.

  1. Utuu dubbisaa jirruu maal akka yaadnu xiinxalaa deemuu

Utuu dubbisaa jirruu maal maal akka yaannu xiinxalaa  (barreessaa )deemuu jechuun fkn , warri jalqaba dubbifnee bira dabarre : “maal faa akka yaannu nu godhan?” “Maal faa akka nutti dhagaa’amu tasiisanii ?” gaffiilee jedhan deebisaa deemuudha. Barreeffamichi wantoota osoo hin dubisiin sadarkaa dubbisuu duraa keessatti yaanneen ykn mari’anneen akkamiin wal fakkaata? Akkamittiins adda ta’e? jennee waliin madaallee xinxalaa ykn barreessaa deemuu qabna. Kun immoo karaa biraatiin yaadaan dubbisicharratti xiyyeeffannee akka deemnu nu gargaara.

  • Yaada Ijoo Barreessaa Addan Baasuu

Dubbisaan cimaan yeroo dubbisaa jirutti gaaffii bu’uuraa tokko of gaafata. Innis: yaanni ijoo barreeffama kanaa maal isa jedhuudha.Yeroo tokko tokko barreessitoonni yaada ijoo saanii ifatti lafa kaa’u, yeroo akkasii himoota  lama sadii booda yaanni ijoo barreeffamichaa maal akka ta’e hubachuu ni danda’ama. Barreeffamoota tokko tokko keessatti garuu barreessitooti yaada ijoo saanii  ifatti waan lafa hin keenyeef  dubbisaan  ofuma isaatiin yaanni ijoo barreeffamichaa maal akka ta’e qotee bira ga’a.Yeroo akkasiis dubbisaan yeroo dubbisaa deemutti  tokkoon tokkoon keeyyattoota hundaa keessa  yaada ijoo baafataa yoo deeme, salphaadhumatti walitti qabee yaada ijoo barreessaa barreeffamicha keessa jiru, hubachuu danda’a.

C. Jechoota Adda Addaa Of-eeggannoodhaan Dubbisuu 

Mata duree kana jalatti yemmuu dubbisaa deemnutti barreeffamicha keessati jechoota bu’uuraa fi kanneen biroo addaan baasaa deemuun barbaachisaa akka ta’u hubatama.Haaluma kanaan barreessaan yemmuu mata duree tokko irratti barreessu jechoota hedduu tti gargaarama. Jechoonni kunneen hundi immoo kallattiin ergaa ijoo barreessaa faana wal qabachuu dhiisuu ni danda’u.Dubbisaaniis kana beekee yeroo dubbisaa jirutti xiyyeeffannoo itti kennaa deemuun barbaachisaadha. Akkasumaas, jechoonni barreesichi barreeffamicha keessatti fayadamee hiika ifaa fi ifaa hin taane (hiikaa kallatii fi al kallattii) qabaachu ni danda’u. Jechoonni tokko tokko immoo hiika wal fakkaataa haaqabaatanillee malee barreeffamicha keessatti tokko ta’uu dhiisuu danda’u. Kanaaf, dubbisaan yeroo dubbisaa jirutti jechoota adda addaa barreeffamicha keessa jiran of-eeggannoodhaan dubbisaa deemuun isaa adda addummaa kana hubachuuf baay’ee isa gargaara. Adda addummaa jechoonni barreeffamicha keessatti qabaan adda baafachuun isaa immoo yaada barreeffamichaa hubachuuf kan isa hinrakkisne ta’a.

  • Yaadni barreeffamichaa akkamitti akka babal’ate  ilaalaa dubbisuu

Dubbisaan tokko haala keeyyattoonni barreeffmicha garaagaraa itti gabbatan (baballatan)hubachaa dubbisuun isaa yaada barreeffamichaa ykn dubbsichaa hubachuuf bakka guddaa qaba.Kunis barreeffamni sun yaadni isaa akkamitti baballate? Yaada wal  dorgomsiisuudhaanii? Ibsuudhaanii? Addeessuudhaanii? Seenessuudhaanii ? jedhee yaadaa dubbisuutu irraa eegama. Dubbisichi kana hubachuun isaa salphaadhumaatti akka inni ejjannoo barreessaa fi yaada inni dabarfachuu barbaade hubatu gargaara .   

  1. Sadarkaa Dubbisaan Boodaa (Post reading)

Mata duree kana jalatti dubbisaan barreeffama tokko erga dubbisee booda maal gochuu akka qabu tokko tokko ilaalla.

Erga barreeffama tokko dubbisnee booda wantoonni godhaman waan dubbifne irratti hundaa’anii adda adda ta’u. Haaluma kanaan dubbisaan barreeffama tokko erga dubbisee booda wantoonni gochuu qabu osoo hin dubbisinii fi erga dubbisee booda garaagarummaa jiru yaaduu, dubbisa keessaa waan hubatee jecha ofiin ibsuu fi waa’ee waan dubbisee sana namoota biroo waliin dubbachuu (Mari’achuu).

  1. Osoo hindubbisiinii fi erga dubbisanii booda garaagarummaa jiru yaaduu.

Dubbisaan ga’umsa qabu tokko dubbisa dhiyaateef irratti hundaa’uun osoo hindubbisiinii fi erga dubbisee booda garaagarummaa jiru adda baasee hubatuun gaaffiilee armaan gadii of gaafata.

  • Yaanni ijoo ani argadhe isa an dubbisicha osoo hindubbisiin tilmaame  waliin wal fakkaataa?
  • Kaayyoon  jalqaba qabadhee ka’e galma naaf gaheeraa?
  • Yaanni dubbisichaa muuxannoon kanaan dura qabu ykn waan ani kanaan dura beeku waliin wal fakkaataa?
  •  Dubbisa keessatti waan hubatamee yaada mataa ofiin Ibsuu

Dubbisaan erga dubbisa tokko dubbisee rawwatee booda cuunfaa barreeffamichaa dursee gagabaabsee barreeffata.Itti fufuun cuunfaa barreeffamichaa dubbisee erga barreessee booda, barreeffamni sun maal akka itti dhageessise ykn barreeffama sana dubbisee waan itti dhaga’ame jechoota mataa isaatiin deebisee ibsa. Dubbisaan dursee cuunfaa waan dubbisee gaggabaabsee barreeffachuun isaa tuqaalee barbaachisu barreeffamicha keessatti ka’an argachuu fi argachuu dhabuu isaa hubachiisa .Erga dubbisee booda maaltu akka itti dhaga’ame barreessuun isaa ammo yaada duraan mata duree sana irratti qabuu fi eega dubbisee booda argate waliin madaaluuf isa gargaara.

  •  Waa’ee waan dubbifamee sanaa namoota waliin 

          Dubbachu (mari’achuu)

Waa’ee waan dubbifame tokko nama biraa wajjin dubbachuun ykn ergaa barreeffama sana irraa arganne baafnee namaaf irra deebinee yoo ibsine yaadicha yeroo dheeraaf qabannee osoo hin irraanfatiin akka turru nu gargaara.Kana malees yaada sana namoonni nuti  wajjin dubbannu (mari’annu) gadi fageenyaan beeku yoo ta’e, yeroo dubbifnu  yaada sirreeffannuuf nu gargaara. Walumaa galatti dubbisaan booda namoota  biroo waliin yaadicha irratti mari’achuun yaada gadi fagoo ta’e akka nuti isaan irraa argannu waan nu gargaaruuf baaYYee barbaachisaadha.

  • Gaaffilee hubannaan walqabatan deebisuuf

Waan dubifame haala barbaachisaa ta’een hubatmuuf dhiisuu mirkaneeffachuuf gaaffilee dubbisichaan walqabatu irratti xiyyeeffata. Gaaffileen haala kanaan akka deebi’aniif gaafataman hubannoo dhuunffaa irratti kan hundaa’an waan ta’eef qopha qophaan kan hojjetamee deebi’aniidha.Gaaffileen haala kanaan dhuunfaadhaan hojjetaman kanneen akka:

  • Soba yookaan dhugaa jedhamuun deebi;an
  • Gaaffilee kan deebiin sirrii ta’a keessaa filtamee deebi’u
  • Gaaffilee deebii gabaabaafi dheeraa qaban

Gaaffillee haala kanaan deebi’an barataan hhundinuu deebisuu yaaluu qaba. Yoo deebiin dogoggoraa kennames gadi fageenyaan ibsamuun dhugoomfamuu qabu. As keessatti deebii barattooti kennan dandeettii afaanii (haala gaariin ibsuu danda’uu)  isaanii qofa osoo hinta;in fooyya’ina agarsiisaa deemuu isaanii (gadi fageenyaan yaaduun waan yaadan sana immoo seeraan ibsuu danda’uu isaanii) kan keessatti ilaalamaa deemuudha.

  1. Ulfaatina Dubbisuu

Dubbisuu keessatti rakkoolee hedduutu mudata.  Rakkooleen mullachuu dandaa’an kunis  sadarkaa bartaarratti hundaa’uun adda adda ta’uu danda’a. Rakkooleen mudatan kunis yeroo isaatti sirrachaa hin deemu taanaan duukaa guddachaa deemuun sadarkaa barnoota isaanii itti aanurraan dhiibaa geessisaa deema Rakkooleen dandeetti dubbisuu barattootaarraan dhiibbaa geessisaa deemu jedhamanis kanneen akka waan dubbisanitti hiika sirrii  kennuu dadhabuu, sirriitti dubbifamuu dhabuu barreeffamichaa, saffisa dubbisuu fi kanneen kana fakkaataniidha.

BOQONNAA LAMA

JECHA

Seensa

Boqonnaa kana keessatti waa’ee jechootaatu baratamma. Afaan Oromoon dubbisuufi barreessuuf waa’ee jechoota afaanicha keessatti argamanii beekuun barbaachisaadha. Kanaaf,  boqonnaa kana keessatti dhimmoota jechootaan walqabatan kanneen akka hiika jechootaa, faayidaa jechootaa, jechaafi wanta isaan bakka bu’an giddu hariiroo jiru gargar baasuun keessatti baratama.

Kaayyoo boqonnaa kanaa : barattoonni boqonnaa kana erga xumuranii booda:

  • Maalummaa jechootaa ni ibsu
  • Faayidaalee jechootaa ni ibsu
  • Jechaa fi wanta jichichi bakka bu’u gidduu  hariiroo jiru addaan  ni baasu.
  • Gosoota jechootaa addaan baasuun ni ibsu
  • Jechoota bakka galma isaanii addaan baafatanii itti ni fayyadamu.

Shaakala

Gaaffilee armaan gaditti dhihaatan cimdiin erga irratti mari’attanii booda dareef dhiheessaa.

  1. Jecha jechuun maal jechuudha?
  2. Jechi maaliif fayyada?
  3. Jechaafi wanta jechicchi bakka bu’u gidduu hariiroon jiraa? Yoo jiraate hariiroo attamiitu jira jettu?
  4. Gosoota jechaa meeqatu jira? Mee hamma beettu ibsuun fakkeenya itti kenni.

2.1. Hiika Jechaa

Jechi gurmuu sagalee akkaataa hiika laachuu dandaa’anitti sirnaan tarreeffaman irraa uumama.Hayyoonni afaanii jechaaf hiika adda addaa laataniiru.Kanneen keessaa kuusaa jechootaa garaa garaa keessatti hiika jechaaf laatame akka armaan gadiitti haa ilaallu.

Kuusaa jechoota “Current English Dictionary ” jedhamu akka kaa’utti” Word is a meaningful element of speech usually shown with space on either side of it when written or printed.” Jedha. Kana jechuun jechi qaama dubbii keessaa duraa duubaan jechoota jiran irraa hamma tokko siqee kan barreeffamuu fi hiika kennuu kan danda’u ta’uu isaa mul’isa.Dubbii afaanii keessatti garuu jechi  aaraga galfii (pause) gabaabaadhaan hubachuun ni dandaa’ama.

Kuusaa jechoota biro keessatti   (Oxford Advanced Learner Dictinary) akka kaa’amettis jechi “ A sound or combination of sounds that expresses a meaning and forms an idpendent unit of the grammar or vocabulary of language.” Jedhamuun hiikameera. Kun immoo jechi qindoomina sagaleewwanii kan ergaa, unkaa fi seerluga mataa isaa qabaachuu isaa mul’isa.

 Karaa biraatiin akkaataa kuusaan jechootaa Collins ibsutti jechi yoo hiikamu “One of the unit of speech or writing , the smallest isolable meaningful element of the language ,although linguists would analise these further into morphems “ jechuun ibsa. Hiika kana keessaa hubachuun kan dandaa’amu jechi qaama dubbii yookaan barreeffama isa xinnaa adda ba’ee hiika kennuu danda’u ta’uu isaati. Walumaagalatti, jechi amaloota armaan gadiitiin beekama.

  • Hiika mataa isaa qaba
  • Kan qaama yookaan unkaa xiqqaatti hiramuu danda’uudha
  • Bakka bu’aa wantoota qabatamoo ta’anii fi hinta’iniiti.
  • Muuxannoo ilmi namaa argate kan bakka bu’uudha.

Walumaagalatti, namni yaada sammuu isaa keessaa qabu jechaan bakka buusee ibsachuu danda’a.

Shaakala

  1. Afaan jecha hinqabne jiraa?
  2. Amalooti jechi ittiin beekamu maal fa’i?
  3. Hariiroo jechaa fi wanta inni bakka bu’u gidduu jiru
  4. Wantoota ati beektu keessaa kan moggaasa hinqabne jira?
  5. Sii fi maqaa kee gidduu walitti dhufeenyi jiraa?
  6. Jechoonni wantoota attamiifaa bakka bu’u?
  7. Jechi tokko nama hundaaf hiika walfakkaatu laachuu ni danda’aa?
  8. Jechaa fi wanta jechi bakka bu’u gidduu hariiroo attamiitu jiraa?

Hariiroon jechaa fi wantoota jechi bakka bu’u gidduu jiru hariiroo  bakka bu’aa fi bakka bu’amaati. Kana jechuun wantoota qabatamoo fi  ta’anii fi qabatamoo hintaane namnii muuxannoodhaan beekuu fi yaada sammuutiin bakka buusee jechootaan bakka buusee ibsa jechuu dha. Jechii fi wantoonni jechaan bakka bu’aman uumamaan walitti dhufeenya hin qaban. Walitti dhufeenyi isaanii kan walii galteeti. Fakkeenyaaf jecha muka jedhuu fi muka jechiichaan bakka bu’amu gidduu hariiroon jiru kan walii galtee qofa dha.

Akkuma olitti ibsame wanta harkaan qabaman yookiin ijaan argaman qofaa osoo hin taane kanneen hin qabatamnee fi  ijaan hin argamne bakka ni buufna. Jechaan wanti bakka buufnu tokko beekumsa muuxannoo keenyarraa arganne irraa kaaneeti.muuxannoo jechuun ammo kan kanaan dura agarre,dhageenye, urgeeffanne, dhandhamne, gabaabumatti haalawwan gara garaatiin keesa dabarreedha.Egaa jechi wanta muuxannoo keenyaan bakka nuu bu’uudha.

  • Filannoo jechaa

Shaakala

  1. Jchi tokko jecha kan biraa waliin yoo ilaallu wal caalmaa (garaagarummaa) qabuu?
  2. Jechooti maaliif filatamu (yeroo kam filatamu)?

Akkuma armaan olitti ibsame jechi yaada namni tokko sammuu isaa keessaa qabu kan ittiin ibsatuudha. Yaada namni sammuu ofii keessaa qabu kan bakka bu’an jechoota hedduu ta’uu malu. Haata’u malee, hudi isaanii wal qixa yaada tokko ibsuu hin dandaa’an.Inni tokko isa kan biraa caalaa haala ifaa ta’een yaada bakka bu’ee ibsuu ni danda’a jechuudha. Kanaaf, yaada ofii sirriitti jecha bakka bu’uu danda’u filatanii itti fayyadamuun daran barbaachisaa dha. Kana gochuuf ammo duraan dursinee gosoota jechaa addaan baasanii beekuun filannoo sirriidhaaf karaa bana.

  • Gosoota Jechaa

Shaakala

  1. Gosoota jechaa maalirratti hundaa’uun waan qoonnu sitti fakkaata?
  2. Gosoota jechaa meeqatu jira? Maal fa’i?

        2.3.1. Jechoota Idilee

Jechoota yeroo hedduu yaada keenya ittiin ibsanudha. Kana jechuun:

  • Jechoota yeroo maraati
  • Jechoota waalta’ooti
  • Jechoota waajiraalee mootummaa garaagaraa keessatti hojiirra oolani
  • Jechoota kitaabileen barataa ittiin qophaa’udha.
  • Jechoota qoraannoofi qo’annoodha.
  • Jechoota sadarkaa giddugaleessaatti hojiirra oolani
  • Jechoota sabqunnamtiileen garaagraa itti gargaaramani
  • Jechoota bakka hundaatti hiika walfakkaataa qabani

Shaakala

1. Jechoota idilee jechuun maal jechuudhaa?

2. Jechoonni idilee bakkeewwan kamfaatti tajaajiluu?

3. Jechoota eenyuufaatu gargaarama?

 2.3.1. Jechoota al-idilee

  • Yeroo baayyee jechoota dubbii afaaniiti.
  • Namoota hundaa biratti hiika walfakkaataa hin qaban.
  • Jechoota gareen muraasni qofti itti fayyadamudha.

 2.3.2. Gosoota Jechoota Al-idilee

Jechoonni al-dilee bakka garaagaraatti qodamanii ilaalamu. Isaanis:

A. Jechoota Loogaa

Loogni garaagarummaa afaanii afaan tokko keessatti mula’atudha. Afaan Oromoo keessatti akkuma afaanota kaanii looga hedduu argina. Loogni kunis haala lamaan mu’achuu ni danda’a. Kunis, garaagarummaa sagaleessuufi garaagarummaa hiikaati.

Fakkeenyaaf:

  • Sagaleessuurratti Jechoota cimdii armaan gadii ilaaluun ni danda’ama.

              Ija – ila

             Harka – hakka

             Nyaadhu – nyaa’u

              Keessa – keecha

  • Hiika Irratti:

       Soquu – barbaaduu

       Deemuu – sokkuu

       Lukkuu – handaaqqoo

B. Jechoota Qaanii

Itti fayyadamni afaanii hawaasa tokko keessatti akkaataa safuufi aadaa hawaasa sanaarratti hundaa’a. Haaluma kanaan, jechoonni qaanii jechoota safuufi aadaa hawaasichaa irraa ka’e bakkafi nama hundaa biratti fayyadamuun hin danda’amnedha.

Fakkeenyaaf, Fagaara, Saphii, udaan, saluu fi kkf.

Shaakala

Jechoota qaanii kaneen naannoo keetti beekaman 4 barreessi.

C. Jechoota Garee

  • Jechoota hiikni isaanii namoota hedduu biratti hin beekkamne dha.
  • Jechoota umrii dheeraa hin qabnedha.
  • Namoota walitti dhiheenya qaban biratti fayidaarra kanneen oolani dha.

Fakkeenya,

Barattoota biratti  ‘fannise’-qabxii olaanaa galmeesse.

Warra qaaman biratti ‘jabbanuu’ k.k.f.

Shaakala

Jechoota gareef fakkeenya kanneen ta’an tarreessaa.

D. Jechoota Ergisaa

Jechoonni ergisaa jechoota afaan biro irraa sababa gara garaattiin gara afaanichaa seenani dha.

            Shaakala

1. Jechoota Afaan Oromoo Afaan biro irraa ergifate ykn afaan 

    biroof ergise shan-shan tarreessaa.

E. Jechoota Ogummaa

Jechoota namoonni ogummaa tokko keessa jiran haala hojii isaaniin wal qabsiisuun itti fayyadamani dha.

                Shaakala

Jechoota armaan gadii ogeeyyii kamiitu fayyadamaa?

                Sanyii filatamaa

                 Garaajii

                 Daree dhuunfaa

                 Harcaatii

                  Irtaa

BOQONNAA SADII

HIMA

3.1 Himoota Afaan Oromoo

Seensa

Boqonnaa  darbe keessatti  maalummaan jechaa,filannoon jechootaafi gosoonni jechootaa  dhihaatanii jiru. Boqonnaa kana keessatti immoo  waa’een himootaa gadi-fageenyaan dhihaatu. Himoonni maal akka ta’ani bal’inaan ni dhihaatu. Himoonni faayidaafi caasaarratti hundaa’uun qoqqoodamanii ni dhihaatu.

3.2 Kaayyoo Boqonnichaa: Xumra Boqonnaa Kanaatti

  • Maalummaan himaa ni ibsama
  • Himoonni faayidaarratti hundaa’uun ni qoqqoodamu
  • Himoonni Caasaarratti hundaa’uun ni qoqqoodamu

Shaalala 1

Gaaffilee armaan gadii deebisi

  1. Hima jechuun maal jechuudhaa?
  2. Ulaagaaleen hima tokko hima jechisiisu maalfaadha?

3.3 Maalummaa Himootaa

Himni gurmuu jechootaa yaada guutuu dabarsuu danda’u dha.Kana jechuun, qindoomina kanneen qabaniifi caasaa afaanichaaf bakka kennuun kanneen ijaarramani dha. Itti dabalees, sirna tuqaalee afaanicha keessatti barbaachisanitti fayyadamuun kanneen dhihaatani dha.Fakkeenyaaf, mallattoo gaaffii,Tuqaa, mallattoo raajeffannoo k.k.f itti dhimma bahuu danda’u.

3.4. Gosoota Himaa

Himoota ulaagaalee garaagaraa irratti hundaa’uun bakka adda addaatti qooduun ni danda’ama. Ulaagaaleen qoodinsaa kunis, caasaafi tajaajila himoonni qabanidha.

  1. Ulaagaa Tajaajilaa

Jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti, afaanitti fayyadamuun dhimmoota gara garaa raawwanna.Fakkeenyaaf, nagaa wal gaafanna, dhiifamama gaafanna, eeyyama gaafanna,gargaarsa gaafanna k.kf. Kanneen tarreeffaman hundinuu himootatti dhimma bahuun dhihaatu. Himoonni kunneen dubbatoota afaanichaa biratti hiikaafi fudhatama kanneen qabani jechuu dha.

Faayidaalee isaaniirratti hundaa’uun himoota akka armaan gadiitti qoodna

A.  Hima Himaamsaa:

Himni himaamsaa himoota tuqaan xumuraman ta’anii, yaada eeyyentaa (Positive) yookiin hi’intaa (negative) dabarsuu danda’an kan haammatu dha. Fakkeenya armaan gadii ilaali.

  1. Biqiloonni magariisaa nyaata isaanii ni qopheeffatu.
  2. Lubbu qabeeyyiin bishaan malee jiraachuu hin danda’ani.
  3. Daagaan dhiqama biyyee ni xiqqeeessa.
  4. Raayyaan ijaaramuun hojjechuun guddin saffisaa fida.
  5. Sardiidoo diimtuun Itoophiyaa qofaa keessatti argamti.

B. Hima Gaaffii

Gosni hima kanaa gaaffii gaafachuuf kan tajaajilu  ta’ee deebii kan barbaadu dha.Xumra irratti mallattoo gaaffiin kan xumramu dha. Fakkeenyaaf.

  1. Kaleessa maal natti mufattee?
  2. Hiriyaan kee siif bilbilaa?
  3. Lagni dheerinaan addunyaa kanarratti beekamu kami?
  4. Shamarraan maaliif barnootarraa dhorkamaa turanii?

C. Hima Ajajaa

Himni ajajaa gosa himaa akka waanti  tokko nuuf raawwatamuuf dhaamsa ittiin dabarsinu dha.  

   Fakkeenyaaf,

  1. Ka’ii dhaabadhu!
  2. Bishaan waraabi!
  3. Biqiltuu bunaa dhaabii kunuunsi!
  4. Hojii deemi!

D. Hima Raajeffannaa

Himni kun hima dinqisiifannaa of keessaa qabu dha. Fakkeenyyaf,

  1. Maali qalloo bareedduun akkanaa!
  2. Hojjaan isaa birbirsumakaa!
  3. Akkam nama kabajaa!
  4. Huccuun akkam irraa nama hawwataa!

Shaakala 2

Himoota armaan gadii hima hima himaamsaa, hima ajajaa, hima hima gaaffii, hima raajeffannaa jechuun qoqqoodi

  1. Mana kireeffatee keessa jiraata.
  2. Misoomaaf bu’uura kan ta’e maali?
  3. Maali gurraachi akkanaa!
  4. Boru mana kiyyaa koottu!
  5. Aadaan qusannaa hawaasa keenya biratti gabbataa jira.
  6. Hidhi laga Abbaayi dinagdee biyya keenyaa ni guddisa.
  7. Ilkaan arbaa maaliif barbaadamaa?
  8. Ulaagaa Caasaa

Himoota Caasaa irratti hundaa’uun qooduun ni danda’ama. Kana jechuun ciroowwan of danda’oo fi hirkatoo  himicha keessatti argaman irratti hundaa’uuni. Isaanis akkaata armaan gadiitti qooduun ni danda’ama.

A. Hima salphaa:

Himni salphaa gosa himaa ciroo of danda’aa  tokko qofaa of keessa qabu dha. Ciroon of danda’aa xumra tokko qaba. Mat-himni hima kanaa tokkoo fi isaan ol ta’uu danda’a.

Fakkeenyaaf,

  1. Hordofaan Kaleessa mana keenya dhufe.
  2. Oromiyaan gosa simbirrootaa hedduu qabdi.
  3. Ancootee fi cuukkoon nyaata aadaa beekkamoo dha.
  4. Fayyeeraa fi Hirphasaan ollaa jiraatu.

Shaakala 3

Gosa himoota olitti siif  kennaman fayyadamuun himoota sadii barreessi!

B. Hima Dachaa:

Himni dachaa, hima ciroo ofdanda’aa lamaa fi isaan ol of keessaa qabu dha. Gosni hima kanaa xumra of danda’oo lamaa fi isaan ol of keessaa qaba. Fakkeenyaaf,

  1. Konkoneen bariin kaatee, mana qulqulleessitee gara mana barumsaa deemte.
  2. Dachaasaan muka muree, biqiltuu dhaabe.
  3. Galii gaarii argata garuu qusannaa hin beeku.

Shaakala 4.

Hima dachaaf fakkeenya kanneen ta’an himoota lama barreessi.

C. Hima Xaxamaa

Himni xaxamaan, hima ciroo of danda’aa tokkoo fi ciroo hirkataa tokkoo fi isaan ol of keessaa qabu dha. Fakkeenyaaf,

  1. Yoo  na jaallatte, daara na baasi.
  2. Erga bilbilaan naan lolee, itti hin dubbadhu.
  3. Waan hedduu dhukkubsateef, mana yaalaa dhaqe.
  4. Osoo wajjin gallee, aannan dhugda.

Shaakala 5

Hima xaxamaaf fakkeenya kanneen ta’an sadii bareessi!

D. Hima Dachaa Xaxamaa

Himni dacha xaxamaa ciroo of danda’aa lamaafi isaa oliifi  ciroo hirkataa tokkoo fi isaa ol irraa kan ijaaramudha.Fakkeenyaaf,

  1. Bokkaan yeroon waan roobeef, midhaan tolee, qotee bulaan gammade.
  2. Riqichi jiguurraan kan ka’e, lagni nama nyaatee, lubbuu hedduu balleesse
  3. Waan hin qo’anneef, qabxiin jalaa bu’ee, badhaasa dhabe.
  4. Aalkoolii  waan dhugeef, baay’ee machaa’ee, dhoqqee keessatti kufe.

Shaakala 6

Himoota armaan gaditti dhihaatan hima salphaa, hima dacha, hima xaxamaa, hima dacha xaxamaa jechuun deebisi

1. Hiyyummaa balleessuuf lammiileen marti hojii hojjechuu qabu.

2. Hidhi laga Abbaay biyyoota ollaa Itoophiyaa mara ni ga’a.

3. Osoo bosona ciruun hafee haalli  qilleensaa hin jeqamuu.

4. Dachasaan waan dhukkuubsateef  irribaa malee bule .

5. Barnoonni bu’uurraa guddinaa  waan  ta’eef  namnii 

    kammiyyuu  barachuu qaba.

6. Ilkaan  arbaa qarshii guddaa waan baasuuf namoonni

    adamsanii fixaa jiru.

7. Tolaan ganamaan ka’ee, sangoota dheechisee, yeroon camade.

8. Qotee bultoonni  keenyaa leenjjii erga fudhataniif  jijjiirama

     fidaniiru.

9. Qulqullina naannoo keenyaa yoo eegne dhukkubarraa

baraaramna.

  • Obboo Caalaan waan baay’ee aaraniif nyaata didani.

BOQONNAA AFUR

Sirna Tuqaalee

  Seensa

Boqonnaa darbe keessatti himoota faayidaa fi caasaarratti hundaa’uun qoqqoodame ilaaltee jirta. Boqonnaa kana keessatti immoo sirna tuqaaleetu dhihaata.Gosoota sirna tuqaalee kanneen akka tuqaa, mallattoo gaaffi, mallattoo raajeffannoo, qoodduu, tuq-lamee, qoodduu jabaa, k.k.f.gadifageenyaan dhihaatu.

  Kaayyoo Boqonnichaa:

     Dhuma boqonnaa kanaatti:

  • Sirna tuqaalee Afaan Oromoo keessatti tajaajilan adda baafatta.
  • Sirna tuqaalee bakka sirriitti fayyadamuun hima barreessita
  • Hima dogoggora sirna tuqaalee qabu ni sirreessita.

4.1.  Gosoota Sirna Tuqaalee

4.1.1 Tuqaa (.)

 Mallattoon tuqaa (.) tajaajila armaan gadii qaba.Isaani kanneen armaan gaditti tarreeffamani dha.

1. Xuumura himaa. Fakkeenya,

  1. Kitilaan hojjetaa mootummaati.
  2. Hirmaannaan hawaasaa barnootarratti cimaa jira.
  3. Bokkaan waan roobeef, gabaan kaate.

2. Gabaajee keessatti. Fakkeenyaaf,

 a. B.Q.O.

       b. B.F.O.

       c.  Dh.M.G.

       d. G.A.

       e. U.S.A.

3. Jechoota kottoonfachiisuu keessatti.

     Fakkeenya, Dr.   ( Doktor), Hub. ( Hubachiisa), Bil. (Bilbila) k.k.f.

4. Deessimaalii barreessuu keessatti.

     Fakkeenya, 2.9,7.8,5.6 k.k.f.

5. Mat-duree gurguddaafi xixiqqaa adda baasuuf

   Fakkeenya,   1.1. Lageen

                       1.1.1. Lageen Itoophiyaa

                       1.1.2. Faayidaa Lageen Itoophiyaa

Shaakala 1

Tajaajila tuqaa olitti tarreeffame ilaaluun himoota tuqaa of keessaa qaban sadii barreessi.

4.1.2. Mallattoo gaaffii (?)

 Mallattoon gaaffii  tajaajila armaan gadii qaba.

  1. Dhuma hima gaaffii

Fakkeenyaaf,

1. Beellamni keenya yoomii?

2. Galma Abbaa Gadaa daawwattee beektaa?

    b) Hima shakkii of keessaa qabu agarsiisuuf

        Fakkeenyaaf,

       1. Aaddee Bookashiin bara (1980)? dhalatani.

       2. Afaan Oromoo bara (1830)? barreeffamarra  oole.

Shaakala 2

Tajaajila mallattoo gaaffii olitti tarreeffame ilaaluun himoota mallattoo gaaffii of keessaa qaban lama barreessi.

    4.1.3. Mallattoo Raajeffannaa  (!)

       Shaalala 3

Himoota armaan gaditti dhihaatan dubbisuun mallattoon raajeffannoo eessatti akka tajaajilu adda baasi

a. Mana kitaabaa deemi!

b. Bakka kananatti tamboo xuuxuun dhorkaa dha!

c. Raayyaadhaan ijaaramnee haa hojjennu!

d. Safuu! Yaa bareeda isaa!

e. Qarri  eeboo isa haa barbaadu!

f. Akka aannanii ititaa!

g. Ijji koo lammata si hin argiin!

h. U!u!U!u!…

Mallattoon raajeffannoo himoota ergaa: ajajaa, akeekkachiisa, dhaadannoo, ifannaa, eebba, abaarsa, ajaa’ibsiifannaa fi naasuu k.k.f. of keessaa qaban xuumurarra gala.

4.1.4.Qoodduu (,)

Barreeffama keessatti, qoodduun tajaajila armaan gadii qaba.Isaanis akka armaan gadiitti fakkeenyaan deeggaramuun dhihaataniiru.

1) Jechoota ykn lakkoofsota  tarreeffaman keessatti. Fakkeenya,

  a. Biyyoonni guddinaan sadarkaa olaanaarra jiran:

      Ameerikaa, Chaayinaa, Jaaphaan fi k.k.f.

   b. Biqiloonni jiraachuuf albuuda, bishaan, qilleensa fi ifa isaan barbaachisa.

   c. 3,6,6,7,23,…..

 2) Gaaleewwan addaan baasuuf. Fakkeenya,

       Keeraaj hoolaan isaa badnaan, ooyiruu keessa, qe’ee olla, bosona

       Keessa fi dirree tikaa barbaadee dhabe.

3) Ciroo hirkataa fi of danda’aa addaan baasuuf, Fakkeenya

    a. Akka Finfinnee  geesseen, naaf bilbili.

    b. Yoo na gaafatte, siin deebisa.

    c. Waan na kabajuuf, na hin qaanessu.

4) Deebii ‘ Eyyeen’ ykn ‘Lakki’ jedhu yaada dabalataarra adda baasuuf 

    tajaajila. Fakkeenyaa,

    Firaanol: Dirree Sheek Huseen deemtee beektaa?

    Duulaa: Lakki, hin deemne.

   Barsiisaa: Akka qormaata qabdan isinitti himameera mitii?

   Baratoota: Eeyyeen, nutti himtaniittu

 4.1.5. Tuq-lamee (:)

Tuq-lameen barreeffama keessatti tajaajila armaan gadii qaba.Faayidaalee kunneenis akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.

a. Baraa fi fuula kitaaba akka wabiitti fayyadamnee agarsiisuuf.

   Fakkeenya, Beekan (2003:20)

b. Nama haasa’uu fi waanta inni haasa’u addaan baasnee barreessuuf.

    Fakkeenya,     Qajeelaa: Hojiin kee maalii?

                         Hirphaa  : Qotee bulaa dha

c. Saatii fi daqiiqaa addaan baasuuf.

    Fakkeenya, Hundashiin boru saatii 3:20 irratti na beellamte.

d. yeroo waantoota tarreessinu.

    Fakkeenya, Bineensonni bosonaa  foon sooratan: Sardiidoo, leenca,

                     waraabessa, k.k.f. dha.

4.1.6. Qoodduu Jabaa (;)

Qoodduun jabaa tajaajila armaan gadii qaba.

1. Ciroowwaan of danda’oo lamaaa fi isaan ol adda baasuuf oola.

    Fakkeenya,  Ani qarshii isa hin gaafadhu; innis naaf hin kennu.

                      Haati isaa daldaltuudha; abbaan isaa barsiisaadha.

2. Walqabsiistota hirkatoo dura gala.

   Fakkeenya, Daagaan qotameera; kanaafuu, biyyeen hedduun hin  

                     miidhamu

                     Galii guddaa argata; haata’u malee, qusannaa hin beeku.

  4.1.7. Mallattoo Waraabbii  Dachaa (“   “)

Mallatoon waraabbii yaadni dhihaate tokko kan nama biro ta’uu isaa barreeffama keessatti kan ittiin agarsiisnu dha. Fakkeenya armaan gadii ilaali.

Boruun na waamee, “Nan rakkadhee qarshii na gargaari,”naan jedhe

“Ani  kaayyoon koo baradhee biyyaa hoogganuu dha,” jette Darmiin.

Barsiisaan, “Torban dhufu qormaata qabdu,” jedhe.

4.1.8. Mallattoo Waraabbii  Qeenxee (‘       ‘)

Mallattoon waraabbii qeenxee, mallattoo waraabbii dacha keessatti tajaajila. Kana jechuun yaada waraabame keessatti yaada nama biro agarsiisuu oola.

Fakkeenya, Abdallaan, “Abbaan koo yeroo mara ‘hojii hojjedhuu nama ta’i’  jedhanii na gorsu,” jedhe.

“Barsiisaan keenya ‘boru walgahiitu jira waan ta’eef, barnoonni hin jiru’ jedhani,” jedhe itti gaafatamaan daree keenyaa.

Warqituun, “Harmeen koo waan na jaallattuuf, ‘Waaqayyo buddeen gaarii siif haa baasu!’ jettee na eebbisti” jette.

4.1.9. Sarara Xiqqaa ( -)

Sararri xiqqaa tajaajila armaan gadii qaba. Isaanis:

1. Jechoota tiishoo barreessuu keessatti.

   Fakkeenya, Miil-jala, Sab-lammii, Mit-mootummaa k.k.f.

2. Barreeffama keessatti yeroo dhuma fuula waraqaarra geenyu birsagarratti 

    sarara xiqqaa galchuun sarara haaraatti deebina.

   Bar-ba-chi-sa, il-kaan, bi-shaan, waa-daa k.k.f.

4.1.10. Sarara Dheeraa (___)

Sararri dheeraa dheeraa akka armaan gadiitti dhihaateera.

1. Yaada haasa’aa jirru dhiisnee yaada birootti yeroo jijjiirru

    Fakkeenya, Icitii tokkon sitti hima__ati dubbii hin qabattu.

   Qarshii naaf liqeessi___dhiifama atuu hiyyeessa nama biroon

                     gaafadha.

2. Waanta tokko tarreessuu keessatti jechoota akka ‘hundinuu’, ’ marti

    isaaniiyyuu’ jedhaman dura gala.

 Fakkeenyaa, Dirreen sheek Huseen, Masaraan Abbaa Jifaar, Masaraan

Kumsaa Morodaa____hundiisaaniiyyuu bakkeewwan  seenaa Oromiyaa   keessatti argamanidha.

3. Irra deddeebii jechaa ykn yaadaa agarsiisuuf fayyada.

 Fakkeenya, Isheen ni boonti___baay’ee boonti.

 Obsinee dadhabneerra___kana booda dhiifama hin goonu.

4. Haasaa addaan ciccitaa haasa’amu agarsiisuuf tajaajila.

   Fakkeenya, Hanga ammaatti___ii  hojii misoomaa hedduu hojjennee jirra. Gara fuula duraattis___ii  of cuunfinee bu’aa kanaa olii

   galmeessuuf…

4.1.11. Hammattuu ( )

 1. yaada ka’e tokkoof   ibsa dabalataa kennuuf

     Fakkeenya, Dubartiin ulfi kabaja (ulfina) guddaa qabdi.

   Milkaa’uuf tattaaffii (carraaqqii) guddaa nama barbaachisa.

2. lakkoofsa qubeen barreeffame, lakkoofsa Arabaan barreessuuf.

    Fakkeenya, Qarshii saddettama (80.00)

3. Madda odeeffannoo barreeffama tokkoo haammachiisuuf oola.

    Fakkeenya, ( Asaffaa:2000)

4.1.12.Fuftuu (…)

      1. Lakkoofsa ykn qubee caasaan wal fakkaatan itti fufuu isaanii  agarsiisuuf

           Fakkeenya, 1,2,3,4,…

                             A,B,C,D,…

2.Hima waraabame  barreessuu keessatti  yaada hafe agarsiifuu fayyada.

 Pireezideentiin Itoophiyaa duraanii Girmaa W/Giyoorgis “…Ani waanti  

  na gammachiisu, sirna bulchiinsa biyya keenyaa keessatti aangoon

        karaa  nagaan walirraa fuudhamuu danda’uu isaati…”

 4.1.13.Muraa (/)

   1. Jechoota lama bakka tokko galuu danda’an adda baasuuf

        Fakkeenya, Boonaa/Huseen arguu ni dandeessa.

  2. Guyyaa, ji’aa fi bara addaan qooduuf

      Fakkeenya, Fooziyaan Fulbaana 3, bara 1981 dhalatte jennee   

      Barreessuurra Fooziyaan 3/1/ 1981 dhalatte jechuu dandeenya.

  3. Lakkoofsa Firaakshiinii agarsiisuuf

      Fakkeenya, 2/3, 5/7 k.k.f.

  4. Lakkoofsa xalayaa barreessuu keessatti

      Fakkeenya, KLBDD/67/05

4.1.14.Gaafee ([ ])

1. Dogoggora yaada waraabame keessatti mul’atu sirreessuuf  fayyada.

Fakkeenya, Dalasaan” Torban dhufu[u]n isin dubbisa,” jedhe. Calqabaan waan aareef, ra[a]fuu didee, taa’aa bule.                     

2. Yaada waraabame keessatti yaada keenya dabaluu agarsiisuuf tajaajila.

   Fakkeenya, Tulluun bara haaraa [Fulbaana 1] maatii isaa waliin kabaja.

Ayyaanni  Qillee bara kanaa [Mudde 29] haala hoo’aan                      kabajama.

Shaakala 4

Himoota armaan gadii bakka barbaachisutti sirna tuqaaleefi qub-guddeessa galchi

1. Itoophiyaan hidha guddaa laga abbaayiirratti ijaaraa jirti.

2. Guyyaa jimaataa waanan dhufuuf na eegi.

3. Biyyoonni afriikaa muraasni boba’aa qabu

4. Yoo waliin deemne sin affeera.

5. Hiriyoonni isaa Dachaasaa, Abdii, Taaddasaa fi Birraatu dha.

6. Tolaan baay’ee qo’ata kanaafuu, qabxii gaarii galmeessa.

7. Badhaasaan, “Obboleessi koo hojiitti hin qoosiin jechuun na  gorsa,” jedhe.

8. Maqaan kee eenyuu

9. Mali bareedni akkanaa

10. Waliin hojjennee haa duroomnu yaadaan waliif hin gallu.

BOQONNAA SHAN

KEEYYATA

Seensa

Barreeffama keessatti yaada wal-qabataafi ifaa ta’e barreessuuf maalummaafi  haala keeyyanni itti barreeffamu irratti hubannaa gahaa qabaachuun barbaachisaadha. Kanaaf, koorsii kana keessatti waa’een keeyyataa hammatamuun isaa hubannaa kallattii kanarratti jiru fooyyessuufi cimsuu nidanda’a. Haaluma kanaan, qabiyyeewwan boqonnaa kana jalatti hammatamanis maalummaa keeyyataa, caasaalee keeyyataa, amaloota keeyyataafi kaayyata gahaa barreessuudha.Kanaaf, leenjifamtoonni qabiyyee boqonnaa kana keessatti hammataman sirriitti qayyabachuudhaan keeyyata mataa isaanii barreessuu danda’uutu irraa eegama.

Kaayyolee Boqonnichaa

Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kanaarratti:

  • Keeyyata jechuun maal akka ta’e nihimu;
  • Caasaalee keeyyataa ni ibsu;
  • Amaloota keeyyata gaarii nitarreessu;
  • Keeyyata gahumsa qabu nibarreessu.

5.1. Maalummaa Keeyyataa

Keeyyatni gurmuu himoota walitti dhufeenya qabanii kanneen yaada ijoo tokko qofarratti xiyyeeffataniiti.Akkasumas keeyyannituuta himootaa yaada handhuura ta’e babal’isaniifi ijaaranirraa uumama. Barreessaan barreeffamni isaa nama dubbisuuf ifa akka ta’uuf yaadolee isaaf daangaa ni kenna. Daangaan yaada handhuura ta’e tokkoo ammo keeyyata.

Keeyyata tokko keessatti himni inni jalqabatti argamu xiqqooshee sarara gara keessaatti sikfamee barreeffamuun jalqaba. Haata’u malee, yeroo tokko tokko himmoota keeyyaticha keessatti argaman hunda wal-qixxeessuun barreessuunis ni danda’ama. Dheerinniifi gabaabbinni keeyyataa yaada ijoo keeyyaticha keessatti dhihaaturratti hundaa’a. Yeroo baay’ee garuu, keeyyanni tokko jechoota dhibba yookaan himoota torbaa hanga kudhaniitti qabata.

Yeroo bayyee leenjifamtoonni keeyyata tokko yemmuu barreessan qabxiiwwan maalummaa keeyyataa ilaalchisanii ibsaman hubannoo keessa hingalchan. Keessumaa himoota wal-qabatoo yaada tokko ibsan gabaabsanii keeyyata tokkoon yemmuu barreessuu dadhaban ni argamu. Kun immoo rakkoo yaada ofii jechoota muraasatti gargaaramanii cuunfanii kaa’uuti. Kaanaaf, boqonnaa kana jalatti rookkooleen kunneen shaakala itti fufinsa qabuun fooyya’uu qabu.

5.2. Caasaalee Keeyyataa

Akkuma himni jechoota irraa ijaaramu Keeyyanni immoo himoota irraa ijaarama.Himoonni keyyaticha keessatti argamanis yaada wal-fakkaata tokko haa ibsan malee gahee garaagaraa qabu. Haaluma kanaan, himoota keeyyata tokko keessatti argaman bakka saditti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Qoodinsi kunis caasaalee yookaan qaamolee keeyyataa jedhamu. Isaanis, Hima ijoo, Himoota calla/gargaartuufi Hima goolabaadha.

Yaada kana qabatamaa gochuuf, maatii tokko keessa caasaan sadii jiraachuu ni danda’a. Isaanis, Abbaa Warraa, Haadha Warraafi Ijoolleedha. Maatiin kunis mana keessatti gahee garaa garaa qabu. Haaluma walfakkaatuun, caasaaleen keeyyataa sadanis wal-ta’anii yaada tokko ibsuuf gahee mataa mataa isaanii ni qabu. Kanas tokko tokkoon akka itti aanutti haa ilaallu.

5.2.1. Hima Ijoo

Keeyyanni tokko yaada ijoo tokko of-keessaa qaba. Yaanni ijoo kunis hima ijoo jedhamuun beekama. Himni ijoo keeyyata keessatti argamu kunis hima tokkoon dhihaata. Gosti hima kanaa himoota keeyyaticha keessatti argaman keessaa isa dimshaasha ta’edha. Kanaafuu, himni ijoo hima waa’ee keeyyatichaa ilaalchisee yaada handhuura ta’e of keessatti hammatudha. Himoonni keeyyaticha keessa jiran hundis waa’eedhuma yaada handhuura ta’e sanaa haasa’u.

Himni ijoo yeroo baay’ee jalqaba keeyyataa irratti dhufa. Kana jechuun garuu himni ijoo yeroo hundumaa jalqaba keeyyataarratti dhufa jechuus miti. Keeyyata keessatti bakkee adda addaa birootti dhufuu ni danda’a. Kunis, gidduurratti, xumurarratti, jalqabaafi xumurarratti ta’uu danda’a.

  1. Hima Ijoo Jalqabarratti Dhufu

Keeyyata keessatti yemmuu himni ijoo jalqabarratti dhufu adeemsi yaadaa dimshaasharraa gara murtaawaatti ta’a. Kana jechuun, himni yaada handhuuraa yookaan dimshaashaa keeyyatichaa qabate jalqabarratti dhihaatee, himoonni biroo yaada handhuurichaa babal’isan immoo itti aananii dhihaatu. Isa Kanas bifa fakkii rog-sadee gadi galagalaa ta’een agarsiisuun ni danda’ama.

                          Dimshaashaa

                                   Yaada murtaawaa

  • Mee keeyyata gabaabaa armaan gaditti akka fakkeenyaatti dhihaate irratti leenjifamtoonni  gaaffiiwwan dhihaatan deebisuun haa shaakalan.

                Keeyyata  ‘A’

Caaltuun intala baay’ee bareedudha. Shurrubbaan mataa ishee dannoo irra ciisa.Funyaan ishee qara seenxii fakkaata. Kana malees, qaroon ija ishee mukukkula fakkaata. Qallinni mudhii ishee immoo mootii kannisaa wajjin wal-dorgoma.Kanaafuuf, miidhagni waan Caaltu irratti wal-gahe fakkaata yoo jenne hin dogoggorru.

  1. Keeyyanni armaan olii tuuta himoota meeqaati?
  2. Himni hima ijoo ta’e isa kami? Maaliif?
  3. Hima ijoo keeyyatichaa keessatti jechi/gaaleen yaada dimshaashaa qabate kami?
  4. Fakkiin armaan oliifi keeyyatichi walitti dhufeenya akkamii qabu?
  5. Keeyyata himni ijoo isaa jalqabarratti dhufu barreessi.
  • Hima Ijoo Gidduurratti Dhufu

Yeroo akkasii adeemsi yaadaa qabxii murtaawaan jalqabee, gidduutti yaada dimshaashaa dhiheessuun itti fufee yaadicha bifa dimshaashaan dhihaate deeggaruun babal’isa. Yaada kana akka fakkii armaan gadiitti dhiheessuun ni danda’ama.

                                      Murtaawaa

                                            Dimshaasha

                                      Murtaawaa

  • Hima Ijoo Jalqabaafi Xumurarratti Dhufu

Keeyyata tokko keessatti himni ijoo jalqabaafi dhumarratti dhufuu nidanda’a. Kana jechuun garuu yaada handhuura ta’e yookaan hima ijoo addaa addaa lamatu keeyyata tokko keessatti argama jechuu miti.Kana jechuun yaada hundhuuraa jalqabarratti akka seensaattii dhihaatetu irra deebi’ee karaa biraatiin xumurarratti guduunfamee kaa’ama.Kanaaf, xumura keeyyatichaarratti himni ijoo yaaduma hima ijoo keeyyaticha jalqabarratti dhufee walitti qabee ka’a jechuudha.

  • Mee yaada armaan olitti ibsame kana leenjifamtoonni akkaataa fakkii armaan gadiin haa shaakalan.

Jalqaba                              Dimdhaasha

Gidduu                                             Murtaawaa

Xumura                              Dimshaasha

  • Keeyyata armaan gaditti dhihaate dubbisuun fakkii armaan oliin wal-bira qabanii ilaaluun ni danda’ama.

Keeyyata  ‘B’

Aadaa  Oromoo keessatti Oromoo waan adda addaa keessa darbee geerara. Inni tokko qotee midhaan dhiibee galchee geerara. Inni kaan lolee diina isaa injifachuun gaarara.Kaan immoo bineensota gurguddoo ajjeeseetu geerara.Tokko booree baafachuuf deemuu isaa himuuf yemmuu geeraru, kaan immoo booree baafatee erga deebi’ee geerara.Kana malees, kanneen bu’a ba’ii jireenyaa kessa derbe geeraraan ibsatus ni jiru. Walumaagalatti, Oromoon akka aadaa isaatti jireenya isaa keessatti wantoota isa qunname geerarsaan ibsata.

  • Hima Ijoo Xumurarratti Dhufu

Himni ijoo akkuma jalqaba keeyyataarratti dhufu xumura keeyyataarrattis ni dhufa. Yeroo akkanaa adeemsi yaadaa mutaawaa irraa gara dimshaashaatti deema. Kanaaf, keeyyata akkasii keessatti himni ijoo yaada ibsame walitti qabee cuunfee xumurarratti dhiheessa.

Haaluma kanaan, leenjifamtoonni fakkii armaan gadii erga hubatanii booda fakkeenya keeyyata itti aanu haa xinxalan.

                                       Murtaawaa

                                   Dimshaasha

Keeyyta “C”

Namoonni baay’ee gochuuf yoo aarsaa of godhan hin mul’atan. Haata’u malee, waa’ee gaarii gochuu waan hedduu haas’u. Kun immoo hawaasa tokko sadarkaa tokkollee gara fuula duraatti hin adeemsisu.Akkasumas, rakkina hawaasa sanaaf furmaanni inni fidu hinjiru.Garuu, gaarii gochuun fakkeenya ta’uun hawaasa tokko barsiisuuf, guddisuufi gargaaruuf bakka guddaa qaba.Fakkeenyaaf, Maartiin Luuter Kiingi kan mirga namaa kabachiisuuf aarsaa of godhe fudhachuu ni dandeenya.Walumaagalatti, gaarii gochuu himuudhaan qofa osoo hinta’iin aarsaa ta’uun namaaf gochuun fakkeenya ta’uudha.

  • Himota  Callaa/Gargaartuu

Himoonni calla/gargaartuu keeyyata keessatti himmoota yaadaan walitti hidhamanii keeyyaticha gabbisaa deemanidha. Akkasumas, himoonni kunneen ibsoota murtaawaa yaada handhuuraa keeyyatichaa babal’isanidha. Himoonni calla gaaffiiwwan himni ijoo keeyyata keessatti kaasuu danda’u kanneen deebisanidha.

                   Shaakala

  • Mee haaluma kanaan hima ijoo itti aanee kennameefi gaaffi inni kaasuu danda’urratti leenjifamtoonni himoota callaa barreessuun haa shaakalan.

Hima Ijoo : Aadaa  Oromoo keessatti Oromoo waan adda addaa keessa darbee geerara.

Gaaffii :  Oromoon aadaa isaa keessatti maal faa keessa darbee  geerara?

Deebii: a._______________________________________________

           b._______________________________________________

           c.________________________________________________

           d.________________________________________________

           e._________________________________________________

               Shaakala

  • Keeyyata itti aanee dhihaate keessaa leenjifamtoonni himoota calla adda haa baasan.

Keeyyata  “D“

Qilleensi magaalaa Jimmaa yeroodhaa gara yerootti jijjiirama. Yeroo guyyaa aduu garmalee baasuun baay’ee guba; yemmuu qorru immoo baay’ee diilallaa’a. Yeroo hedduu qilleensi qilleensa’u waan hinjirreef bulluqni isaa nama hinteessisu. Ganama ganama waan qorruuf, namni dhukkuba Asimii qabu ganameeffatee ka’uu ni rakkata.Waan kana ta’eef, huccuu uffatanirratti of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaadha.

  • Hima Goolabaa

Keeyyata keessatti Himni goolabaa yaada hima ijootiin dhihaatee himoota callaatiin babal’ifame goolabuuf gargaara.Kanaaf, himni kun xumura keeyyata tokkoorratti argamuudhaan keeyyatichaaf xumura cimaa ta’e kenna. Walumaagalatti, himni goolabaa keeyyata tokko keessatti faayidaalee armaan gadii qaba.

  • Hidhaa keeyyataati.
  • Yaada handhuuraa jechoota birootiin guduunfa.
  • Yaada handhuura ta’e cimsa.

                 Shaakala

  • Haaluma kanaan leenjifamtoonni keeyyata ittaanu keessaa hima goolabaa baasuun haa xiinxalan.

Keeyyata “E”

Obbo Duumessoon isaa tibbana ollaa kootti galan waan hedduun nama dinqisiisu. Dhaabbanni qaama isaanii furdaa, dheeraa, ulfinaan dorgomaa hinqabnedha. Fuulli isaanii suntuuraa, gurraacha nuugii tumaan tole fakkaata. Areedni isaanii fuula isaanii hunda haguugee erga dhalatanii milaacciin akka itti hin buune raga baha. Mataa isaanii bitaafi mirgaan arrii darbee darbee wawwaraanee jira. Moluun sammuu isaanii irraan duubatti qaxxaamuru, karaa gaara guddaa irra darbu isaan fakkeessee jira. Walumaagalatti, Obbo Duumessoon namootan arge keessaa nama fakkaattii hin qabnedha.

  • Amaloota Keeyyata Gaarii

5.3.1. Tokkummaa

Keeyyanni tokko yaada tokko qofaa dabarsuu danda’a. Sababiin isaas, keeyyanni bal’aa waan hintaaneef yaada addaa addaa keessummeessuuf humana isaa miti. Kaanaaf, himoonni calla yaaduma tokkicha kan gabbisaniifi himni goolabaa immoo isuma kan guduunfu/cuunfu ta’uu qaba. Yoo akkas ta’es keeyyatichi tokkummaa qaba jechuun ni danda’ama.

   Shaakala

  • Tokkummaa yaadaa keeyyata tokkoo hubachuuf leenjifamtoonni mee keeyyata armaan gadii ilaaluun gaaffilee itti aananii jiran haadeebisan.

Namni ynaata malee jiraachuu hin danda’u. Loon jiraachuuf marga isaan barbaachisa. Waan qaban hunda dhugaatiitti fixuun rakkoo irra nama buusa. Walumaagalatti, kan darberraa barachuun of sirreessanii jiraachuutu barbaachisaadha.

  1. Himoonni keeyyaticha keessatti argaman meeqa?
  2. Himni ijoo keeyyatichaa isa kami?
  3. Keeyyatichi tokkummaa yaadaa ni qabaa? Maaliif?

Keeyyanni tokko tokkummaa dhabuu kan danda’u:

  • Himoonni keyyatichaa matima adda addaa qabaachuu
  • Keeyyaticha keessa yaadni adda addaa tokkoo ol jiraachuu
  • Mathimni himoota keeyyatichaa lakkoofsaan gargar ta’uu.

Shaakala

  • Keeyyanni armaan gadii dogoggora tokkummaa ni qaba. Dogoggora isaa leenjifamtoonni sirreessanii haa barreessan.

Warshaalee gurguddaan lageen gurguddaa cinatti ijaaramuu qabu. Bishaan geejjiba qofaaf osoo hin ta’iin oomishaaf ni gargaara. Meeshaalee adda addaa bishaaniin ni miccina. Humni ibsaa lageen irraa ni maddisfina. Keemikaalota adda addaa gara dhangala’aatti jijjiiruuf bishaan barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, naayileeniin bishaaniifi kaarboonii waliin makuudhaan oomishama. Sababoota kanaaf warshaalee gurguddaa lageen gurguddaa cinatti ijaaruun barbaachisaadha.

Rakkoon keeyyatichaa mathima adda addaa of keessaa qabaachuun tokkummaa hin qabu.Kunis, himmoota sadaffaa, arfaffaa, ja’affaa keessatti mathimni isaanii jijjiiramee jira. Himoota biro han keessatti bishaaniifi lageen faayidaa maalii akka qaban ibsamanii jiru. Haata’u malee, himoonnii sadaffaa, arfaffaa, ja’affaa maala akka hojjennu ykn goonu ibsu. Kanaaf, keeyyatichi matima lama of keessaa qaba jechuudha. Kun immoo keeyyatichi tokkummaa akka hin qabaanne taasisee jira.

Shaakala

  • Keeyyata armaan gadii keessatti himoota tokkummaa keeyyatichaa faallessan leenjifamtoonni baasanii  haa barreessan.

Lakkoofsa gogorriiwwan biyya keenyaa baay’isuuf toftaalee garaagaraa keessaa tokko gogorriiwwan muraasa madaqsuudhaan killee isaanii to’achuudha. Killeen gogorrii madaqxe tokko buuste battaluma sanatti fuudhamee lukkuu jala kaa’ama. Gogorriin immoo yeroodhumasa killee birra buufti. Killee jalqaba buufte yoo jalaa hinfuune,teessee isheedhuma eegiddi malee kan biraa hin buuftu. Gogorriin to’annoo namaatiin alas wal horti. Kunis, lakkoofsi gogorrii akka baay’atu gochuuf ni gargaara. Haala kanaan, haadhoon gogorrii tokkoo killeewwan hedduu akka buuftu gochuun ni danda’ama. Yeroo tokko tokko immoo killee gogorriin madaqxe buufte madhee gogorrii bosonaa keessa kaa’ama. Gogorriin bosonaas killee madhee ishee keessa kaa’ame akkuma kan isheetti kununsiti.

  • Wal-qabatinsa

Keeyyata haala gaariin barreeffama keessatti himoonni keeyyatichaa tartiiba sirriifi haala qaariin walqabachuun ergaan ifaa ta’e ni darba. Kana jechuun, keeyyanni tokko walqabatinsa yoo qabaate, dubbistoonni rakkina tokko malee ergaa isaa hubachuu ni danda’u. Kanaaf, yaanni keeyyata tokko keessatti ibsamu walqabatinsa hin qabu taanaan, himoonni keeyyatticha keessatti argamanis kan addaan ciccitan waan ta’eef ergaa isaa hubachuun rakkisaa ta’a.

Yaada himoota adda addaan keeyyata tokko keessatti ibsamu waltaasisuuf, tooftaalee adda addaatti fayyadamuun ni danda’ama. Tooftaalee kanas akka itti aanutti ilaaluun nidanda’ama.

   5.3.2.1.Walqabsiistotatti gargaaramuu

Himoonni keeyyata keessatti argaman walqabsiistota barbaachisaa ta’etti fayyadamuun tartiibaan yoo wal hinqabanne ta’e, dubbistoonni yaada keeyyatichaa sirriitti hubachuu hin danda’an. Kanaaf, dubbistoonni yaada keeyyatichaa sirriitti akka hubatan gochuuf, walqabsiisitotatti fayyadamuun yaada himoota wal qabsiisuun barbaachisaadha.

Shaakala

  • Keeyyata armaan gadii keessatti walqabsiistota argaman leenjifamtoonni jala haa sararan .

Guyyaa tokko xaafii haammannee oyiruu irraa walitti sassaabuun mooraa loonii cina tuullee turre. Galgaluma sana abbaan xaafii sanaa argee akkan achii kaasu natti hime. “Bakka kana yoo tuulte loon mooraa cabsanii nyaatanii waan fixaniif, asii kaasii mana cina tuuli,” naan jedhe. Bormaata isaa, achii guuree mana cina tuuluutu narraa eegama ture. Ani garuu ajaja abbaa koo kana hojiirra hin oolchine. Guyyaa itti aanu mana barumsaa waanan deemeef, xaafichi achuma oole. Guyyaa sadaffaas, abbaan koo achumatti waan argeef aaree,”Asii guurii mana cina tuuli siin hinjennee,! Har’a gamanayyuu osoon as hinjiraannee nyaatanii turan” jedhee natti dheekkame.

   5.3.2.2.Himoota keeyyatichaa tartiiba hubatamuun kaa’uu

Tooftaa kanaan keeyyata  keessatti himoota argaman osoo walqabsiistotatti hingaraaramiin tartiiba dhihaachuu qabaniin dhiheessuun walqabannaa akka qabaatan gochuudha.

Mee keeyyata armaan gadii haa ilaallu:

Roobuun isaa hin oolu. Darbee darbee duumessi mal’achaa jira. Dhiha irraa bubbisee samii keessatti hurrii kuufatee jira. Baha irraa gurraacha’ee roobuuf babbalaqqeessa’ee jira. Kibba tiifuu jalqabee kunoo amma luullessee kaabatti deemaa jira. Shuulliin isaa dhihootti nuqaqqaba.

Keeyyata armaan olii keessa wal-qabsiistuun tokkollee hinjiru. Haata’u malee yaanni isaa tartiibaan waan ijaarameef, ergaa keeyyatichaa hubachuun ni danda’ama. Kunis, hima ijoo ‘Roobuun isaa hin oolu,’  jedhuuf dubbistoota amansiisuuf sababoota afur tartiibaan kaa’eera.

Shaakala

  • Keeyyata armaan gadii dubbisiitii gaaffilee itti aananii dhihaatan leenjifamtoonni haa deebisan.

Samiifi lafti walfakkaata. Waarii waaxxeessa ta’eera. Dukkanni naliqimsuyyuu waanan itti barreef homaa natti hinfakkaane. Oliifi gadi jedhee ilaallaa tokkuma waan gurracha qofatu argama. Hidhaa mudhii kootiin jabeeffadhe. Takka nan sussuka; takka suutan deema; qofaa koon odeessa. Osoo natti hin beekamiin fagaadhee deemeera. Daandiin wal-maree nama dogoggorsu na hinqunnamne. Bineensa mitii simbirroon ollee na hinqaxxamurre.

  1. Keeyyaticha keessa wal-qabsiistonni ni jiruu?
  2. Keeyyatichi tartiiba hubatamuu danda’u hordofuun barreeffameeraa?
  3. Tartiibaan ijaarame yoo ta’e tartiiba isaa himi.
  4. Keeyyatchi wal-qabannaa ni qabaa?

                    5.3.2.3. Jecha yookaan gaalee hima keessatti dabalanii barreessuun

Mee akka fakkeenyaatti keeyyata armaan gadii haa ilaallu.

Nama hiyyeessa tokkotu soorreessa oftuulaa tokkoo hojjechaa ture. Guyyaa tokko lama ta’anii bakkee keessa asiifi achi osoo deddeebi’anii sooresichi “Araddaan kun kan eenyuuti beektaa?” jedhee hiyyeessicha gaafate. Innis, “Hin beeku hoo,” jedhee deebiseef. Sooresichis, “Egaa ammaan kun hundinuu kan nama biraa akka hintaane beekaa! Kootuma malee; kan ati naannoo kanatti argitu marti kootuma,” jedhee hiyyeessichatti quba isaa gara waaqaatti olqabee aariidhaan “ Kunoo ani hoo waaqas argaan jira, innis keetiiree?” jedhee sooressicha gaafate. Sooressichi of tuulaan sunis nahee waan deebisuuf dhabe. Guyyaa sanaa kaasee qabeenyaa isaatiin of tuuluu irraa of qusate.

Keeyyata armaan olii irraa akkuma hubachuun danda’u, jechonnii sooressichi, innis, sooressichis, hiyyeessichis, sooressi of tuulaan sunis, jedhan tartiibaan daddabalanii barreeffamuun isaanii yaadni keeyyaticha walqabatinsa akka qabaatu taasisanii jiru. Jechoonni kunis akka wal-qabsiistuutti gargaaran jechuudha.

Gama biraatiin, keeyyata keessatti hima tokko keessatti jecha ijoo ta’e deebisanii barreessuu dhiisuunis, bakka isaa jecha bu’uu danda’u fayyadamuun nidanda’ama. Fakkeenyaaf, jechi ijoo hima tokko keessatti argamu maqaa yoo ta’e, isa itti aanu keessatti bamaqaa fayyadamuun ni danda’ama.

Kanarratti mee akka fakkeenyaatti keeyyata armaan gadii haa ilaallu.

Haroo keessa namoonni oliifi gadi naanna’an baayyee hinmul’atan. Yeroon fooqii dubartootaa horicha cinatti ijaarame jala gahu, intalli tokkoofi gurbaan tokko wal-cina dhaabataniitu haasa’u. Isheen harka ishee lamaaniin hirree isaa qabattee, ija ija isaa keessa ilaaltee odeessiti. Inni ni kolfa. Isaan irraa xiqqoo hiiqee immoo akkasuma lama ta’anii bakka qilleensa itti fudhatan irra taa’anii, waliin haasa’u. Isaan kana sagaleen isaanii badaa hindhagahamu. Nigungumu. Ija koo fooqii irratti fanniseen yeroo xiqqoo dabarse. Homtuu hinjiru.

Walumaagalatti, keeyyata keessatti yaada ofii hima tokkoon erga ibsanii boda, yaada himichaa isa itti aanuun walqabsiisuuf jecha ijoo ta’e yookaan bakka bu’aa isaa hima itti aanu keessatti dabalanii gargaaramuun ni danda’ama.Jechoonni kun bamaqaalee ykn ibsa maqaalee fakkeenyaaf, kun, sun, sana, kana,kanneen, kunneen ta’uu ni danda’u.

  • Guutummaa

Keeyyata keessatti yaadni ijoo hima ijoo keessatti argamu himoota callaan guutummaa guutuutti babal’atee, fedhiifi kaayyoo dubbistootaa hama tokko yoo guute keeyyatichi guutummaa qaba jechuun ni danda’ama.

Mee fakkeenya keeyyata armaan gadii haa ilaallu.

Yeroo ammaa namoonni mukkeen muaranii lafa qullaatti hambisaa jiru. Mukkeen kunneenis kan isaan muraniif saboota garaagaraatiifi. Haalli kun akkasitti yoo itti fufe, rakkoolee adda addaa ni fida. Rakkoolee kunneen xiqqeessuuf, namoonni tokko tokko yaada adda addaa ni dhiheessu. Isaanis kan jedhan haala kana salphisuuf faayidaalee mukeen namootaaf kennan wantoota birootiin bakka buusuun fala ta’a jedhanii yaada dhiheessu.

Akkuma hubachuu dandeenyu keeyyatichi yaada hima ijoo keessatti ka’e ifa godhee gabaasuurratti rakkoo qaba. Kunis, keeyyaticha keessatti namoonni mukkeen sababoota garaagaraatiif, muruu isaanii malee akka fakkeenyaattillee sababoota kanneen keessaa tokkollee hin ibsine. Akkasumas, mukkeen muramanii dhumuun rakkoo adda addaa fiduu isaa malee, rakkooleen kunneen keessaa tokkollee hin ibsamne.

Kanaaf, keeyyaticha leenjifamtoonni irra deebi’anii akka inni guutummaa qabaatutti sirreessanii haa barreessan.

5.3.4.   Iftoomina Yaadaa

Yaanni keeyyatichaa sun ifaa ta’ee dubbistootaa akka hubatamuu danda’utti barreeffamuu qaba. As keessatti afaan keeyyatichi ittiin barreeffamu murteessaadha. Kunis, fayyadama jechuutaa, sirna tuqaalee, walqabsiistotaafi himootaa irratti kan hundaa’udha.

Fayyadama jechootaa yemmuu jedhamus jechoota filatamoo yaada dabarfamuu barbaade sirriitti bakka bu’anii dabarsanitti gargaaramuudha. Fayyadama himootaarrattis himoota gaggabaaboofi dhedheeroo haala walmadaaluu danda’aniifi akkaataa barbaachisummaa isaaniitti gargaaramuudha. Keeyyaticha keessatti walqabsiistotaafi sirna tuqaalee sirrii bakka barbaachisanitti fayyadamuunis iftoomina yaadaa keeyyatichi qabuuf baayyee barbaachisaadha. Akkasumas irra deddeebii jechootaafi gaalee hin barbaachifne iftoomina keeyyataa irratti dhiibbaa fiduu ni danda’u.

5.4. Keeyyata Gahumsa Qabu Barreessuu

Keeyyata gahumsa qabu tokko barreessuuf, adeemsota itti aananii jiran hordofuun bay’ee barbaachisaadha.

5.4.1. Mataduree Filachuu

Namni keeyyata barreessu osoo barreessuu hinjalqabiin dura gaaffii “Maalan barreessaa?” jedhuuf deebii qabaachuu qaba. Kunis dhimma keeyyaticha irratti barreessaniin wal-qabata. Barreessaan dhimma irratti barreessu gadi feggeenyaan beekuu qaba. Karaa biraatiin, namni barreessu mataduree barreeffamichaa irratti hubannaa gahaa qabaachuu qaba.

Matadureen keeyyata tokkoo jecha yookaan gaaleedhaan mataa duratti karaa bitaa ykn qixxelamaan fuulichaarratti barreeffamuu ni danda’a. Haata’u malee, matadureen keeyyataa barreeffamuus dhiisuus ni danda’a. Garuu, matadureen keeyyatichaa yoo xiqqaate sammuu dubbisaa keessatti hubatamuu qaba.

5.4.2. Mataduree Daangessuu

Matadureen keeyyata tokkoo erga filameen booda keeyyatichi eessaa ka’ee hanga eessaatti akka deemu dursanii murteessuun mataduricha daangessuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, mataduree “Koorsiiwwan Muummee Afaan Oromoo” jedhu akka armaan gadiitti daangessuu nidandeenya.

5.4.3. Odeeffannoo Walitti Qabuu

Keeyyata tokko barreessuuf odeeffannoon baay’ee murteessaadha. Waan kana ta’eef, nammni keeyyata barreessu odeeffannoo isa gargaaru maddawwan armaan gadirraa argachuu ni danda’a.

  • Muuxannoo dhuunfaa
  • Gaaffiifi deebii irraa
  • Guca guuchisuudhaan
  • Dubbisuu irraa
  • Ragaalee garaagaraa irraa

5.4.4. Kaayyoo Barreeffamichaa Beekuu

As jalatti keeyyatichi tajaajila akkamiif barreeffama? Gaaffi jedhu jalatti deebii gaaffilee armaan gadii keessaa tokko ta’uu ni danda’a.

  • Odeeffannoo dabarsuufii?
  • Amansiisuufii?
  • Addeessuufii?
  • Seenessuufii?
  • Qajeelfama dabrsuufii?
  • Ejjennoo qabsiisuufii?

5.4.5. Dubbistoota Beekuu

Namni keeyyata barreessu dursee dubbisaa isaa beekuu qaba. Kana ilaalchisees kanneen armaan gadii irratti xiyyeeffachuu qaba.

  • Eenyummaa dubbistootaa
  • Sadarkaa barumsaa dubbistootaa
  • Koorniyaa dubbistootaa
  • Umrii dubbistootaa
  • Xiyyeeffannoofi kaka’umsa dubbistootaa
  • Ilaalcha dubbistootaa
  • Walitti dhufeenya dubbistoonni barreessaa waliin qaban
  • Amantii dubbistootaa

5.4.6. Gumee Qopheessuu

Yemmuu keeyyata barreessaa jiranitti yaadni akka nama harkaa hinfacaaneef, odeeffannoo keeyyaticha barreessuf gargaaran tartiiba dhihaachuu qabaniin bifa jecha ykn gaaleetiin naqachuun barbaachisaadha. Addeemsi kunis gumee qopheessuu jedhama.

 5.4.7. Keeyyata jalqabaa/wixinee barreessuu

As jalatti odeeffannoo isa bifa gumeen taa’e seera keeyyataa eeguun qindeessanii barreessuudha. Haata’u malee, addeemsa kana keessaatti si’a jalqabaaf waan ta’eef dogoggorrii adda addaa jiraachuu ni mala. Kanaaf immoo adeemsi keeyyata barreessuu asirratti xumuramuu hin qabu.

5.4.8. Keessa deebi’anii dubbisuun gulaaluu

Keeyyanni si’a jalqabaa barraa’e dogoggoroota garaagaraa qabaachuu waan danda’uuf, keessa deebi’anii dubbisuun gulaaluun barbaachisaadha. Dogoggoroonni mul’atanii gulaalamuu danda’an kunis kanneen armaan gadii ta’uu ni danda’u.

  • Dogoggora sirna tuqaalee
  • Irra deddeebii
  • Dogoggora seerlugaa
  • Fayyadama wal-qabsiistotaa
  • Iftoomina yaadaa
  • Filannoo jechaa

5.4.9. Barreeffama/Keeyyata Xumuraa Barreessuu

Sadarkaa kana irratti keeyyata hamma danda’ametti dogoggora adda addaa irraa bilisa ta’uun bifa qulqullina qabuun barreeffamutu dhihaata.

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.