Basic Literature – Afor 213

BU’UURAALEE OGBARRUU AFAAN DHALOOTAA
(MT-213)

QOPHEESSITOONNI BARSIISOTA K.B.B.ASALLAA
ANBASSEE BAQQALAA
BALLAXAA BILLISAA
GUUTAA FAYYISAA
QALAMUWAA URGEE
SEENAA JIFAARAA

Gulaaltonni:
Abaadir Abraahim (KBB Jimmaa)
Gurmeessaa Tuujubaa (KBB Adoolaa)
Jaalataa Mootii (KBB Bulee Horaa)

GURAANDHALA 2007

BAAFATA
Qabiyyee Fuula
BAAFATA i
Seensa Waliigalaa iii

  1. OG-BARRUU 1
    1.1. Maalummaa Og-barruu 1
    1.2. Og-barruufi Iaalchawwan Beektota Adda Addaa 3
    1.3. Faayidaa Og-Barruu 5
    1.4 . Gosoota Og-barruu 6
  2. AFOOLA YKN OG-AFAAN 7
    2.1. Maalummaa Afoolaa 8
    2.2. Amaloota Afoolaa 8
    2.3. Faayidaa Afoolaa. 10
    2.4. Gosoota Afoolaa 15
  3. OGBARRUU BARREEFFAMAA 39
    3.1. Maalummaa Ogbarruu Barreeffamaa 39
    3.2. Akaakuu Ogbarruu Barreeffamaa 40
    3.2.1. Ogwalaloo 40
    3.2.1.1. Maalummaa ogwalaloo 42
    3.3.2. Asoosama Dhangala’aa 47
    3.3.2.1. Gosoota Asoosama Dhangala’aa 48
    3.3.3. Malleen Asoosamaa 63
  4. DUBBII QOLAA 69
    4.1. Gosoota Dubbii Qolaa 70
    4.1.1. Akkasaa (Simile) 70
    4.1.2. Iddeessaa/ Bakka Buusaa (Metaphor) 71
    4.1.3. Nameessuu/Personification 71
    4.1.4. Arbeessuu/Gurra Guddisuu/ Ukukkubee (Exageration/Hyperbole) 72
    4.1.5. Mitihee /Paradox/ 73
    4.1.6. Habalaka/Saada/Irony/ 73
    4.1.7. Walbira Qabuu/ Analogy/ 74
    4.1.8. Fakkeessummaa (Symbol) 74
    4.1.9. Atee/Ateessa (Apostrophe) 75
    4.1.10. Anyaarsee /Satire/ 76
  5. QEEQA OGBARRUU 77
    5.1. Maalummaafi Akeeka Qeeqa Ogbarruu 77
    5.2. Akaakuwwan Qeeqa Ogbarruu 83
    Wabiilee 88

Jibsoo (Glossary)
Jecha Afaan Oromoo Hiikkaa Afaan Inglizii
Af-hololoo Oral prose
Af-walaloo oral poetry
Artii Art
Asoosaa Fiction Writer
Asoosama Dhangala’aa Prose Fiction
Asoosama Dheeraa Novel
Asoosama Gabaabaa Short Story
Caacculee Asoosama Dheeraa Elements of Novel
Dhaamsa/Ergaa Them
Dooyii/Doo’ii Drama
Dubbii Qoola Figurative speech/language
Falaasama Philosophy
Hojii Kalaqa Fiction
Ija Point of view
Jaargocha Plot
Ogbarruu Literature
Ogwalaloo Poetry
Ogwalaloo gam-barruu Written Poetry
Ogwalaloo gam-dubbii Oral Poetry
Qeeqa Ogbarruu Literary Criticism
Qeeqaa Critic
Qooddattoota/Namfakkii Characters
Seenaa Story
Walitti Bu’iinsa Conflict
Waloo Poet

Seensa Waliigalaa
Moojulli kun boqonnaalee shanii fi kutaalee boqonnaaleetti qoqqoodamuudhaan qindaa’ee jira. Boqonnaa tokkoffaan waa’ee ogbarruurratti yaada waliigalaa kaasa. Boqonnaa Lammaffaa jalatti, afoolatu ka’a. Boqonnaa sadaffaan, dhimma ogbarruu barreeffamaat ibsa. Boqonnaa afraffaan dubbiqolaa fi gosoota isaat dhiheessa. Boqonnaa shanaffaafi kan xumuraa dhimma qeeqa ogbarruurratti hubannoo uumuuf yaala.
Boqonnaaleen shananuu, gochoota hubannoo madaaluu fi of cimsuuf ta’an qabu. Kaadhimamtoonni barsiisotaa, gochaalee dhihaatan gahuumsaan raawwachuu fi raawwachuu dhabuurratti of madaaludhaan bakka banaa guuttachuudhaaf akka carraaqan gargaaru jedhamet yaadama.
Dhumarratti Wabiileen dhihaatanii jiru. Wabiileen dhihaatan kunneen wayita qophii moojulichaa kan hojiirra oolan ta’anis hubannoo argamu cimsachuu keessatti dabalataan dubbisuuf ni gargaaru yaada jedhuun tartiiba qubeetiin qindaa’anii dhihaatanii jiru.

BOQONNAA TOKKO

  1. OG-BARRUU
    Qabiyyeewwan Boqonnichaa:
     Maalummaa Og-barruu.
     Og-barruuf Ilaalchawwan beektota adda addaa.
     Faayidaa og-barruun hawaasaaf qabu.
     Gosoota Og-barruu.
    Seensa
    Og-barruun ogummaa umrii dheeraa qabuu dha. Kanarraan kan ka’e qorannoofi qo’annoon adda addaa bal’inaan irratti adeemsifamaniiru; yaanniifi mormiin adda addaatis irratti dhiyaataniiru. Maalummaa isaa, akkaataa babal’ina isaafi faayidaa inni namootaaf kennurratti hedduu jedhameera.
    Og-barruun barataa afaaniif wantoota bu’uuraan barbaachisan keessaa tokko. Sababni isaas, og-barruun guddina afaan tokkootiif bu’uura waan ta’eef, afaan barsiisuu keessattis gumaacha guddaa qaba.
    Boqonnaa kana keessatti salphumatti hubachuu akka danda’amutti kutaan kun mata dureewwan xixiqqaa maalummaa og-barruu ibsan, yaada beektota adda addaatiin kennaman, faayidaa og-barruufi gosoota og-barruu tartiibaan dhiyaatanii jiru. Barnoota boqonnaa kana keessatti hordoftu sirriitti hubachuun, boqonnaalee itti aananis hubachuuf bu’uura siif ta’a. Walumaagalatti, barnoota boqonnaa kana keessatti barattu irraa bu’aa guddaa ni’argatta jadhamee amanama.
    Kaayyoo boqonnichaa
    Xumura boqonnaa kanaa booda kaadhimamtoonni barsiisotaa:
    • Hiikawwan kallatti adda addaan ogbarruuf kenname nihubatu.
    • Sababa ka’uumsa garaagarummaa hiika ogbarruuf kennamee nixiinxalu.
    • Gosoonni og-baruu maal maal akka ta’an adda nibaafatu.
    • Faayidaa og-barruun hawaasa tokkoof kennu nihubatu.
    1.1. Maalummaa Og-barruu
    Gocha: 1. Gaafilee armaan gadii dhuunfaan yaaluun garee tokko-shaneen waliin mari’achuun dareef ibsaa!
  2. Muuxannoo qabdu irraa kaasitii og-barruu jechuun maal akka ta’e ibsi.
  3. Og-barruun faayidaa maalii qaba? Amma dandeessu ibsi.
  4. Gosoota og-barruu keessaa sadi eeruun fakkeenya isaani waliin ibsi.
    Dhalli namaa barreeffamaan ofi ibsuu osoo hin jalqabiin duras og-afaaniin ibsamaa kan tureedha. Kanarraa kan ka’e, umriin og-barruu umrii afaaniitiin walqixa ta’a jedhama. Kanaaf, og-barruunis umrii dheeraa isaa kana keessatti hiikkaawwan adda addaa argachaa dhufeera. Sababoota ogeeyyiin og-barruu yeroo adda addaa hiikkaa garaagaraa kennuufii dandeessisee keessaa:
    • Og-barruun ogummaa waa’ee namaa ta’ee, kan namootaan qindaa’ee namaaf dhiyaatuu dha. Og-barruun waa’ee namootaa ta’uunsaa immoo, namoonni dirreewwan qo’annoo (field of study) adda addaa keessatti argaman og-barruudhaaf hiikkaa adda addaa akka kennaniif taasiseera. Sababni isaas, namoonni hundi og-barruuf hiikkaa kennuurratti abbaa dhimmaa waan taaniifiidha. Kunis, kan dhugoomu sanyii og-barruu keessaa tokko kan ta’e afoolani. Namoonni dirreewwan qo’annoo adda addaa keessatti argamu. Kanarraa kan ka’es, og-barruuf hiikkaawwan adda addaa kennuu danda’aniiru.
    • Maalummaa og-barru irratti beektonni og-barruu muraasni waan barreeffamee argamu hundi og-barruudhaa jedhu. Warri kun baay’ee bal’isuun kan ilaalaniidha.
    • Hayyuuleen biroo immoo, og-barruu kan jedhamu miidhaginaan kan guutamee calaqqii dhugaa, jireenya waliin qindaa’inni afaan hawaasa sanaan afaaniin ykn barreeffamaan kan dhiyaatuudha jedhu.
    Gocha: 2. Gaafiilee armaan gaditti dhiyaatan cimdiin mari’achuun dareef ibsaa.
  5. Muuxannoo qabdu irratti hundaa’uun yaada beektonni og-barruuf kennan ibsi.
  6. Og-barruu kan jedhamu waan barreeffame qofa moo kan hinbarreeffamnes nidabalata? Akkamitti?
  7. Beektonni hundi hiikkaa og-barruuf yaada walfakkaataa kennuu maaliif hindadeenye?
    Og-barruun jireenya namootaa keessaa kan argame, kalaqa ilmaan namaati. Waa’ee dhimma hawaasummaa ilma namaa baay’isuun, ol kaasuun, guddisuun kalaqa barreessaatiin kan dhiyaatuudha. Og-barruun dabarsaa aadaa uummataati. Sababni isaa yeroo adda addaatti jireenya namaa bifa adda addaan sadarkaa beekumsa namaa agarsiisa (Malaaknah Mangistuu, 1992).
    Akka Malaaknah Mangistuu hayyuu W. Raleigh jedhamu wabeeffachuun ibsetti, “Og-barruun hojii kalaqa sammuu namaa ta’ee, tooftaa bilchaataafi midhagaa ta’een muuxannoo namaa gabaabseefi qindeessee kan dhiyeessuudha. Og-barruun muuxannoo jireenya keenya keessatti keessa dabruudha”(Malaaknah Mangistuu, 1992:1). Madda odeeffannoo tokko tokko keessatti immoo,
    Og-barruun tooftaa ilmaan namaa jechoota mimmidhagoo ta’eniin yaada isaanii ittiin ibsataniidha. Garuu, wanti barreeffame hundi og-barruu miti. Fakkeenyaaf, barreeffamoonni xiyyeeffannoon isaanii barnootaafi odeeffannoo adda addaa kan dabrsan akka obarruutti hinilaalaman (The World Book Encyclopedia v.12, 1994, pp351 – 358).
    Gocha: 3. Gaaffiiwwan kanneen gareen mari’achuun yaada qabdan garee biroo waliin yaada waljijjiiraa!
  8. Barreeffamoonni waa’ee barnootaafi odeeffannoo adda addaa dabarsan
    Akka ogbarruutti maaliif hinilaalamne? Sababa quubsaa kaa’i!
  9. Faayidaan og-barruun hawaasaaf kennu tarreesi?
    1.2. Og-barruufi Iaalchawwan Beektota Adda Addaa
    Beektonni dhimma ogbarruu irratti qorannoo geggeessaniifi ogbarruu xiinxalan kallatti garaagaraafi kaayyoo isaanirratti hundaa’uun ogbarruuf hiika adda adda kennu. Kanneen keessaa:
    Hiikni og-barruurratti baay’isee bal’atee kenname tokko wanti barreeffame hundi og-barruudha kan jedhudha. . Kun immoo, barruulee hunda akka hammatutti ibsa. Hiikni kenname kun sababoota baay’een hir’ina qaba. Sababni isaa, barreeffamni tokko og-barruu jedhamuuf ulaagaa inni guuttachuu qabu waan jiruuf, wantoonni barreeffaman hundi akka og-barruu ta’uu hin dandeenye hubatama. Sababota kanneen keessaa muraasni:
     Og-barruun hojii kalaqa sammuuti. Barreeffamni tokko hojii kalaqaati yemmuu jennu barreeffamni sun wanta qabatamaa ta’e tokko akkuma jirutti kan gabaasu miti. Barreessaan waan qabatamaa hawaasa keessa jiru bu’uureffachuun kalaqaafi qara sammuu isaa itti dabaluun qindeessee dhiyeessa. Ilaalchi kun barreeffamoonni akka: seenaa, saayinsii, falaasamaa, gaazeexota, barruuleefi kkf. Akka kutaa ogbarruu jalatti hinranadamne akeeka.
     Og-barruun sammuu namaa keessatti fakkii uumuu danda’uufi kan miira namaa qirqisuu danda’u ta’uu isaati. Kanaaf, qooqni og-barruu qooqa biroorraa adda ta’uu qofa osoo hinta’iin, jechoota muraasatti fayyadamuun yaada bal’aa kan dabarsuudha. Qooqa og-barruu keessaa dubbiin qolaa (figurative speech) iddoo guddaa qaba. Gabaabumatti, qooqni og-barruu nama gammachiisaa, gaddisiisaa, qirqirsaa, ergaa bal’aa dabarsa.
     Og-barruuf hiikaa yemmuu kenniinu hiikaa yaadrimee kana bal’isuun wantoota barreeffamaniifi hinbarreeffamne ykn kan afaaniin himamu akka hammatu hubachuun baay’ee barbaachisaadha.Og-barruun ogummaa barreeffamaanis ta’ee, afaaniin jechoota filatamootti fayyadamuun waan addunyaa kanarratti ta’eefi ta’uu danda’u uumee lubbuu itti horee namaaf dhiheessuudha.
     Og-barruun firii kalaqaati. Hojii kalaqaa kan nama dinqisiisu akka ta’e yeroo baay’ee dubbatama. Kunis, og-barruun kalaqa sammuu miidhagina qabu waan ta’eef dandeetti fayyadamiinsaafi jechoota miira namootaa jijjiiruu danda’aniin kan dhiyaatudha.
     Ogbarruun miidhagina qaba. Yaada sammuu jechoota filatamoofi mimmiidhagoodhaan haala miira namaa tuttuquufi namaaf hubatamuutti qindaa’ee kan dhiyaatu akka ta’edha. Hojiin og-barruu bashannansiisuufi hubachisuurratti yoo xiyyeeffatu, kanneen biroo garuu, waan jiru hubachiisuu irratti xiyyeeffatu.
     Og-barruun waan barreeffamee jiru qofaa miti. Og-barruun kalaqa sammuu afaaniin dhaalamee dhalootaa dhalootatti kan daddarbaa tureefi barreeffamni osoo hinjalqabiin kan hawaasni afaaniin itti dhimma bahamaa tureedha. Karaa biroon, ilmi namaa hojii barreeffamaa osoo hinjalqabin dura wanta keessa isaatti dhaga’amu tokko afaaniin kan ittiin ibsatuufi ammallee kan itti fayyadamudha.
    Walumaagalatti, Malakneh (1999) Daud Diaches waabeffachuun akka ibsetti, Og-barruun karaa yaadaafi kalaqaatiin miira, yaada sammuufi beekumsa ykn hayyummaa dhala namaa ilaalu uumnee dabarsinu akka ta’etti hubatamuu qaba.Wantoota biroo keessaa hojii sammuun yaadaan uumee karaa hiika qabuun qalbii namaa booji’uun kan ibsamuufi miira keenyatti dhaggeessisuun dhiibbaa nurratti uumuu danda’u ta’uu mul’sa. Dabalataanis, og-barruun barreeffama karaa walaloos ta’ee holoolootiin haqa jiru akkuma jirutti agarsiisuu osoo hintaane, kalaqa sammuu lubbuu haaraa itti horuun seenaa tokko himuu ykn jechootaan fayyadamuun yaada barreessan uume barreessuun gammachuu sammuu uumuudha.
    Maddi ogbarruu jiruufi jireenya hawwasati. Kunis, akkataa hawwasichi itti jiraatu, aadaa hawaasichaa, naannoowwan, seenaa, kalaqa /art/ fi jireenya ummataa, ummataaf kallattiin kan mul’isuudha.Uummanni taateewwan darban irraa akka of barsiisu,of sirreessu, rakkina hawaasummaarraa barachuufi jireenya keessatti rakkina hawaasummaa isa mudatu muraasa hir’suuf dandeessisa.
    Og-barruun yeroo ammaa hojiilee kalaqa sammuu jechoota filatamoodhaan haala miira namaa kakaasuun, gammachuuf, bashannanaaf, gaddaafi k.k.f dhiyaachaa jira. Akkasumas, og-barruun hojii kalaqa sammuu addunyaa kanaa bifa adda addaatiin deebisee namaaaf dhiyeessa. Haala dhiyaanna isaarratti hundaa’uun og-barruun damee gurguddaa lamatti qoodama. Isaaniis: og-afaan (oral literature)fi og-barruu barreeffamaa (written literature)ti. Og-afaan kan jennu kan afaaniin dhiyaatuu yoo ta’u, og-barruu barreeffamaa immoo kan barreeffaman dhiyaatuudha. Waan kana ta’eef, og-barruun dirree bal’aa ta’ee og-afaaniifi ogummaa barreeffamaa kan of keessatti qabatu ta’uun gosoota adda addaa qaba.Isaanis: afoola, og-walaloo, asoosama, dooyii ykn diraamaa jedhamu.

1.3. Faayidaa Og-Barruu
Og-barruun hawaasaaf baay’ee barbaachisaadha. Kunis, ummata keessatti waan uumameefi uumamuu danda’u kan mul’su waan ta’eef daawwiitii jireenyaati. Hawaasni waan darbe irraa caalaatti akka baratuufi fuulduraaf jireenya isaa keessatti rakkina isa mudatu, of sirreessuuf isa gargaaru. Kanneen gaditti eeraman faayidaalee ogbarruun hawaasaaf kennudha.
• Hawaasni muuxannoo jireenyaa kan darbee, kan ammaafi kan gara fuulduraa akka ilaaluufi walirraa baratu taasisa.
• Sona ummataa barsiisa; haala jireenya ummataa mul’sa/ hiika.
• Ummata bashannansiisa/gammachisa.
• Hubannoo ummataa guddisa.
• Wantoota fedhii ummataa ala ta’an akka ofirraa ittisu kakaasa, jajjabessa.
• Aadaa, safuu, duudhaa, haala hojii, barmaatilee barbaachisoo dhaloota itti aanuuf kan tursiisuudha.
• Muuxannoo,muudannoo, beekumsa bara dheeraa dhalootaaf dabarsa.
• Jireenya ummataa to’achuu dandeessisa.
• Jireenya ummataa qeeqa.
• Walitti dhufeenya hawaasummaa cimsa.

1.4 . Gosoota Og-barruu

Akkuma catoo armaan olii irratti agarsiisuun yaalametti ogbarruun og-afaaniifi ogabarruu barreeffamaa jedhamuun bakka gurguddoo lamatti qoodama. Og-afaan/afoolla kan jennu gosa ogbarruu kan afaaniin dhaloota dhalootatti darbuufi dameewwan akka: durdurii, hiibboo, mammaaksa, sheekkoo, baacoo, cooka, geerarsa, tapha ijoollee, urursa daa’immanii, sirba, boo’ichaafi kkf hammatuudha.
Ogbarruun barreeffamaa immoo, jechoota filatamoofi miira dubbistootaa hawwatan gargaaramuun bifa barreeffaman kan dhiyaatu yoo ta’u, bakka saditti qooduun ilaalun nidanda’ama. Isaanis, og-walaloo (written poetry), doo’ii/ diraamaa (drama)fi asoosama (fiction) kanneen jedhamaniidha.

BOQONNAA 2

  1. AFOOLA YKN OG-AFAAN
    Qabiyyeewwan boqonnichaa.
    2.1. Maalummaa Afoolaa.
    2.2. Amaloota Afoolaa.
    2.3. Gosoota Afoolaa.
    2.4. Faayidaa Afoolaa.
    Seensa
    Kutaan kun gosa ogbarruu keessa og-afaan ykn afoola irratti kan xiyyeeffatuudha. Afoolli dameewwan xixiqqoo heedduu kan ofkeessa qabu yoo ta’u tokkoon tokkoon dameewwan kanaa boqonna kana keessatti fakkenya waliin dhiyaatera. Dabalataanis, faayidaa afoolli hawaasaaf kennu ilaalchisee qabxiileen garaagaraa ibsamaniiru. Gabaabumatti, boqonnaa kana keessatti maalummaa afoolaa, amaloota afoolaa, gosoota afoolaa adda addaafi faayidaa afoolaa tartiibaan kan barattu ta’a.
    Kaayyoon Boqonnichaa :
     Afoolli maal akka ta’e nihubatu.
     Amaloota afoolaa addaan nibaasu.
     Afoolli gosa og-barruu barreeffamaa irraa maaliin akka adda ta’u nixiinxalu.
     Afoolli hawaasa isaaf qabeenya guddaa akka ta’e nihubatu.
     Gosoota afoolaa adda addaa nixiinxalu.
    Gocha: 1. Gaaffiilee kanneen armaan gadii dhuunfaa keetiin erga dalgdeen booda yaada hiriyaa keetiin walbira qabii madaali!
  2. Afoola jechuun maal jechuudha?
  3. Afoola jechaafi gochaan kan dhiyaatan addaan baasuun ibsi!
  4. Amaloonni afoolaa maal faadha? Tarreessi!
  5. Gosoota afoolaa kanneen beektu tarreessi!
    2.1. Maalummaa Afoolaa
    Afoolli gosa ogbarruu keessaa tokko ta’ee bifa afaaniin ta’iinsotaafi raawwii hawaasa keessatti raawwatamu dhalootaa dhalootatti kan dabarsuufi gareen hawaasaa kammiyyuu kan dhimma itti ba’uudha. Dabalataanis, afoolli qaama ogbarruu kan jiraataa magaalas ta’ee badiyyaa fedhiifi yaada ofii bu’uureffachuun beekumsaafi muuxannoo isaanii karaa afaaniin labataaf ittiin dabarsaniidha.
    2.2. Amaloota Afoolaa
    Afoolli dameewwan og-barruu biroo irraa amaloota adda isa taasisu qaba. Isaaniis: Miidhagummaa, lufummaa, jijjiramummaa, uummatummaafi hurruubummaadha. Tokkoon tokkon amaloota og-afaanii kunneen armaan gaditti ibsamaniiru.
    A. Miidhagummaa:
    Afoolli miidhagummaa qaba yemmuu jennu filannoo jechootaa kan barbaadu, miira dhaggeeffattootaa kakaasuuf qaamni itti dhimma bahu kalaqa sammuu isaatti gargaaramuun miidhagina uffisee, naatoo qabaachisee akka dhaamsaafi beekumsa dabarsuuf simboo uffachiisee kan dhiyaatu ta’uu isaa ibsuufi. Dabalataanis bakka barbaachisaa ta’etti amala muuziqaa kan goonfachiisnu ta’uu isaati.
    B. Lufummaa
    Afoolli dhaloota tokko qofa irratti dhaabbata osoo hintaane, dhaloota irraa dhalootatti kan daddarbudha. Kanaafuu, eenyu akka kalaqeefi yoom akka kalaqame osoo hin beekamin dhalootaa dhalootatti lufa. Afoolli tokkoo tokkoo jechaafi gochaan dhaloota tokkorraa isa itti aanutti lufa. Kuun immoo, jechaan darban/lufan. Afoola jechaan lufan keessaa mammaaksa, hibboo, sheekkoo, yoo ta’an, kan jechaafi gochaan darban immoo, sirba, geerarsa, walaloo, eebba, abaarsaafi k.k .f dha.
    C. Jijjiirramummaa
    Afoolli sababa afaaniin dhalootaa dhalootaatti darbuuf amala jijjirramummaa qaba. Kunis, adeemsa labataa labatatti darbutti itti dabalamaa, irraa hir’ataa dhufuu mala. Karaa biroon, sababoota adda addaan jijjiramuun isaas hinoolu. Sababoota kanneen keessaa muraasni: haala dinagdee, amantii, aadaa, saayinsiifi teekinolojii, siyaasa, guddina jireenya hawaasaafi yaada namootaa faa’a.
    Fakkeenya
    Mammaaksi yeroo durii “ Dubartiin dheertuu malee, beektuu hin qabdu”, jedhama.
    Mammaaksa; yeroo ammaa, “Dubartii barsiisuun maatii barsiisuudha.’’
    D. Hurrubummaa
    Amaloota afoolaa keessaa inni guddaan hurrubummaadha. Amalli kun akka afoolli lubbuu horatu taasisa. Hurruubummaan sochii qaamaan dhiyaachuu afoolaa kan agarsiisudha. Fakkenya f, sirba, geerrasa, cooka tapha ijoolleefi kkf faa’a. Gochaan ulaagaa guddaafi lubbuu afoolaati. Haalli afoolli ittiin himamu aadaa naannoo irratti hundaa’ee garaagarummaa qabaachuu nidanda’a. Haa ta’u malee, afoolli nama tokkoon hindubbatamu.
    Afoolli hojii gareeti. Inni tokko yeroo dubbatu, warri hafan dhaggeeffachuun barbaachisaadha. Kanaafuu, dubbataafi dhaggeeffataan waliin jiraachuu qabu. Waliin jiraachuun qaamota lamaanii kun hurrubummaa jedhama. Gosoonni afoolaa garaagarummaa hurrubummaa adda addaa kan qabataniifi hirmaannaa hawaasaa kan barbaadaniidha. Kunis, sagaleefi weelleen himuudhaan gochaan (acting)…dhihaata. Dhiyeessaafi dhaggeeffataa /daawwataa (audience) qaba. Akkasumas, afoolaa nimi’eessa/ nidhangaggeessa. Fakkeenyaaf, sheekkoo dhaggeeffachuufi dubbachuun, hiibboon gaaffiifi deebii, Sirbi sochii qaamaatiin kan ibsamuufi kanneen afaniis hurrubummaa mataa isaanitiin kan dhiyaataniidha.
    E. Uummatummaa
    Uummatummaan amaloota afoolaa keessaa isa tokko. Afoolli jiruufi jireenya hawaasaa keessatti kan yeroo dheeraaf itti dhimma bahamaa tureefi hawwasichan kalaqameefi kalaqamuu danda’uudha. Kun immoo, afoolli yeroo jalqabaaf eenyuun akka kalaqameefi yoom akka kalaqame adda baasanii himuun nama rakkisa. Kanaafuu, afoolli qabeenya uummataati malee hojii nama dhuunfaa miti. Uummanni afoola kalaqee uummataaf oolcha. Uummanni jiruufi jireenya isaa keessatti aadaafi duudhaa iaanii ibsachuuf afoola gosa adda addaatti fayyadamu. Kunis, jaalala, amantii, gadda, gammachuu, falaasama jireenya isaafi kkf ittiin ibsata. Baruu barsiisuu keessattis qabeenya uummataa kana fayyadamuun aadaafi duudhaan hawaasichaa ittiin barsiisuuf oola.
    Gocha: 2. Gaaffiilee armaan gadi irratti dhunnfaan yaadii yaada keessan walitti fiduun garee mariyadhaa!
  6. Afoolli qabeenya uummataati yoo jedhamu maal jechuudha?
  7. Sirbi aadaa yemmuu dhiyaatu wantoota barbaachisaan maal maali?
  8. Afoolla keessatti, jechoota gaggabaabaatti fayyadamuun faayidaa maalii qabaa?
  9. Lufummaan afoolaa uummataaf faayidaa maalii qaba jettee amanta? Ibsaa!
  10. Jijjiiramummaa afoolaaf ilaalchisee waan fakkeenya ta’an kennaa!
    2.3. Faayidaa Afoolaa.

Afoolli karaa adda addaan hawaasa tajaajila. Isaaniis :
A. Ibsuu
B. Cimsuufi dabarsuu
C. To’achuu
D. Miliquu
E. Barsiisuu
A. Ibsuu
Faayidaa afoolli kennu keessaa tokko ibsuudha. Wantoota naannoo keenyatti argaman uumama adda addaa waan qabaniif, uumama isaanii ilaalchisee gaaffiileen hedduu ka’uu danda’u. Keessattuu gaaffilee kunneen ijoolleedhaan kan ka’an ta’u. Sababni isaas, ijoolleen waan naannoo isaanitti argan beekuuf fedhii waan qabaniif. Gaaffileen isaan kaasanis, wanti tokko maaliif akkas ta’e kan jedhu ykn amaloota namootaa, bineensotaafi uumama biroo ilaalchisee kan gaafatan ta’uu danda’a.
Uumama naannoo keenya keessa jiran ilaalchisee ijoolleen gaaffii gaafatan jaarsonni ykn maanguddoonni Oromoo afoolaan fayyadamuun deebii kennu. Deebiin isaan kennan kun saayinsaawaa miti. Haata’u malee, hanga deendeettii isaanii eessaa dhuftee (orgion) wantoota gaaffii kaasaniif deebii akka itti hubatan kennuuf yaalu. Fakkeenyaaf, eegeen re’ee maaliif ol garagale? Gaangeen maaliif hindhaltu? Namni maaliif du’a?,hindaaqqoon maaliif lafa haatifi gaaffileen kana fakkataan biro daa’immaniin dhiyaatu. Kanaaf immoo, hawwaasni Oromoo falaasama mataa isaaniin deebii kennuu yaalu. Deebiin kun sammuun daa’immanii waan gafataniif deebii dhabanii dhiphachuurraa walaba taasisa. Fakkeenyaaf, Eegeen re’ee maaliif ol garagale? Gaaffi jedhuuf uumameen hawaasni kun akka deebitti qabu kan armaan gadiiti.
Yeroo durii Waaqayyoon lafatti dhiyaatee jiraata jedhama. Namoonnis yeroo rakkatan deemanii rakkoo isaanii itti himatuu, rakkina isaaniifis furmaata kennaaf ture. Guyyaa tokko Waaqayyoo bullukkoo isaa lafaan gahee iddoo taa’uutti ,re’een deemtee gaafa ishiittiin bulluukkoo isaarraa saaqxe. Waaqayyoonis gocha re’ittiitti aaree “eegeen kee akkanatti yaa soqolamuu” jechuun waan abaareef eegeen ishii akka hoolaa gadi dheeratu sun erga yeroo sanaa soqolamee hafe jechuun deebii kennu.
Gocha: 18. Gaaffii kana hiriyoota kee fi jaarsota naannoo gaafachuun deebii kennaa.

  1. Lukkuun maaliif lafa haati?
  2. Namni maaliif du’aa?
  3. Sareen maaliif miila ol kaasee fincaa’aa?
  4. Harreen maaliif funyaan walii suufti?
  5. Harreen laga yoo ceetu maaliif fincaan fincofti?

B. Cimsuufi Dabrsuu
Hawaasni jiruufi jireenya isaa haala ittiin cimsuufi dabarsu niqaba. Afoolli aadaa, safuu, duudhaafi kkf saba tokkoo akka ciimuuf dhalootaa dhalootatti darbu kan taasisudha. Haaluma kanaan, namoota beekamaa ta’an, seenaa guddaa hawaasaaf hojjetan kan yeroo yeroon yaadataman afoolaan. Fakkeenyaaf, kan akka Abdiisaa Aagaa, Taaddasaa Birruu, Hagaree Tulluufi kkf. Gootummaan fakkeenya gaarii ta’an dhalootaa dhalootatti dabarsuun kan seenessu afoola. Kunis, dabarsuu qofa osoo hintaane cimsuun osoo walirraa hincitin akka itti fufu taasisa. Geerarsaan, sirbaan, mammaaksaaniifi kkf akka cimuufi dhalootatti darbu ta’a .
Fakkeenyaaf,
Osoo gangonni dhaltee gangota zinaarii santu dhalaa
Osoo kan du’e galee, Taaddasaa Birruuf Hagariitu gala
Ossoo kan du’e galee, Abdiisaa Aagaafaatu gala
C. Too’achuu
Faayidaa afoolaa keessaa inni tokko to’achuudha. Hawaasni seera itti bulu qaba. Seerri ittiin bulmaataa sunis akka hincabne eeguun to’achuun barbaachisaadha. Miseensi hawaasichaas seera ittiin jiraatu ala akka hinbaane, amala fudhatama hinqabne akka hinhoranne, miseensi hawaasichaa amaloota gadhee ykn badaa akka hinqabaanne kan ittiin to’atuudha. Amaloota gadhee hawaasa miidhaniifi seerota aadaa uummataa cabsan hedduutu jiru. Isaan keessaas hanna, soba ,hammeenya, amaanaa dhabuu, sodaafikkf. Amaloota badaa ta’an kanneen gosoota afoolaa garaagaraan wal sirreessuu yaaluu. Fakkeenyaaf, mammaaksaan yemmuu waa qeeqaan: “Waraabessi biyya beekne dhaqee itillee naa afaa jedha.’’
Gocha: 19. Gaaffiiwwan armaan gadii dhuunfaan hojjedhuutti cimdiin mari’achuun dareef dhiyeessaa.

  1. Mammaaksota barsiisuuf ykn gorsuuf ta’an shan barreessi.
  2. Gosoota sheekkoo keessaa tooftaalee miliquuf fayyadu durdurii tokko qopheessi.
  3. Mammaaksota seera hawaasaa to’achuuf fayyadu sadi barreessi.
  4. Gosoota afoolaa keessaa cimsuufi dabarsuuf fayyadan fakkeenya lama lama kenni.

D. Miliquu
Namni waan miidhaa isarraan ga’u tokko callisee hin ilaalu. Jireenyi dhala namaa bu’aa ba’ii baay’ata. Kanaa jalaa miliquuf tooftaalee adda addaatti fayyadama. Tooftaalee kana keessaa afoola isaatiin malaan miliqa. Afoolli jireenya jibbisiisaa guyyaa guyyaan nu qunnamu keessaa baasuun gara addunyaa gammachisaatti nu geessa. Jiruufi jireenyi namaa hidhaa seerota adda addaa keessa jira. Akka barbaadameetti waan barbaanne dubbachuun hindandeenyu. Afoolaan garuu, wantoota adda addaarratti bu’uureeffachuun dubbanna. Kunis, beeladota, bineensotaa fi kkf qabachuun ta’a. Afoola keessaa immoo, mammaaksaan, sirbaan, hiibboon fikkf ibsanna.
Fakkeenyaaf, 1. mammaaksaan
“Manni gubate, “jennaan “nuti duruu beeknaa, utubaa achi ol narraa qabaa” jette Eeleen
“Shanis elmamu, shantamnis elmamu kankoo qiraacumatti” jette adurreen.

  1. Hiibboodhaan. Ana warratu nawaamee ati eessa dhaqxaa?
    (Abbaa hiibboo) Amma yaa Gaaddidduu
    Waaqaafi lafa gidduu
    Fakkaachuu na hindidduu?
    (Gaaddidduu)
    Ani ofiin fakkaadhaa
    Yoo ati adii uffattuu
    Ani gurraachumaa
    Yoo ati gurraacha uffattuu
    Ani gurraachumaa
    Kan akka gaararraa
    Shan fakkaataan sumaa! (Wiirtuu jildii 4)
    Hawaasni afoola adda addaatiin fayyadamuun wanta itti dhaga’ame tokko wantoota garaagaraatti hirkifachuun tooftaan jalaa miliqa.
    E. Barsiisuu
    Hawaasni afoolaan aadaa, duudhaa, muuxannoo jireenyaa kan yeroo dheeraa kuufatee maatiifi hawaasa isaa barsiisa. Amaloota hawaasa keessatti fudhatama qaban, jireenya keessatti jabaa ta’an hojjechuu, abshaalummaa, nama amanamaa ta’uu, gootummaa, arjoomummaa, walkabajuu, tokkummaafi kkf maatii ofii barsiisu. Kunis, mammaaksaan, hiibboon, geerarsaniifi kan biroon ibsama. Fakeenyaaf, Mucaan abshaalaa kan kennaniif nyaachaa kan hafeef boo’a. Hiibboon bifa armaan gadiin dhiyaachuun daa’imman naannoofi toora qe’ee isaanii hubachiisaa jireenya hawaasummaa qooddachiisa.
    Gaafataa Gaafatamaa
    Abbaa warraa tarri
    Haadha warraa ”
    Raada ”
    Jibicha ”
    “Mana eenyuuti? naa beeki,” jechuun gaafata. Gaafatamaan deebisuuf yaalaa, kan gaafatamees miseensota maatii meeqa akka qaban barbaadee, mana warra Abbaa abaluuti, jechuun deebisa. Ijoolleen akka ollaa isaanii baraniifi naannoo isaanii beekaan taasisa. Dabalataanis, yaadni sammuu isaanii babal’achaa akka deemu gargaara.
    Gocha: 20. Gaaffilee armaan gadii kana deebii isaanii gareen hojjedhaa.
  2. Afoola gochaafi amala gadhee to’achuuf fayyadan fakkeenya kennuun ibsaa.
  3. Afoola gocha gaarii jajjabeessuuf gargaaran shan tarreesi.
  4. Gowwummaan badaa, abshaalummaan gaarii akka ta’e sheekkoo ibsuu barbaaduun dareef dhiyeessaa.
  5. Hawaasni afoolaan tooftaa miliquuf itti gargaaramu keessaa lama fakkeenya isaanii waliin kennaa.
  6. Sirna barnoota biyya tokkoo qopheessuuf afoolli haala akkamiin fayyaduu danda’a?
  7. Xiinsammuu hawaasa tokkoo guddisuuf afoolli shoora akkamii qaba? Fakkeenyaan deeggaruun ibsi!

2.4. Gosoota Afoolaa

Gosonni afoolaa armaan olitti tarreeffamaniifi kanneen hafan biroollee akkaataan ittiin dhiyaatan garaagarummaa qabu. Kunis, bifa af-walaloofi af-hololoon dhiyaatu. Fakkeenya, af-hololoon kan dhiyaaatan: mammaaksa, hiibboo, sheekkoo,fi kkf yoo ta’an; af-walaloo kan dhiyaatan immoo: sirba, geerarsa, faaruu loonii, tapha ijoollee,fi kkf nidha.
Gocha: 3. Gaaffiiwwan kanneen dhuunfaan hojjedhutii tokko-shanee kee waliin mari’adhaa.

  1. Mammaaksota beektu keessaa kudhan barreessuun ergaa isaani ibsi.
  2. Mammaaksota gorsa, jajjabeessuu, dogoggora sirreessuuf oolaniif fakkeenya lama lama kenni.
  3. Faayidaa mammaaksi hawaasaaf kennu maal maal akka ta’e fakkeenya waliin ibsi.

I. Mammaaksa
A. Maalummaa Mammaaksaa
Mammaaksi gosa afoolaa keessaa isa tokko ta’ee, yaada bal’aa jechoota gabaabatti gargaaramuun yaada tokko mi’eessee kan dhiyeessudha. Kanarraa ka’uunidha; mammaaksi soogidda dubbiiti kan jedhamuufis. Akkasumas, mammaaksi koobaa dubbiiti,’’jedhama. Garee hawaasaa keessaa yeroo hedduufi baayyinaan mammaksatti kan gargaaramu maanguddoota. Sababni isaa jechoota muraasaan yaada bal’aa maruun waan dhiyeessuuf bilchina yaadaafi sansaaka (maturity&personality) barbaaduu isaati. Mammaaksi yoomessa mijataafi sirrii keessatti kan mammakamuudha; malee akkuma arganiifi abbuma fedheen kan hojiirra hoolu miti.
B. Faayidaa Mammaaksaa
Mammaaksi hawaasa tokko keessatti faayidaa guddaaqaba. Kunis, yeroo dubbatamu qalbii namaa waan harkisuuf, dhaggeettii namaattis waan toluuf uummata biratti gosa afoolaa baay’ee jaalatamaadha. Mammaaksi calliseetuma kan dubbatamu osoo hinta’in, haasaa keessatti dubbii mi’eessuuf ykn yaada tokko cimsuuf wantoota adda addaatiin wal qabsiisuun dubbatama. Namni mammaaksa beeku tokko hawaasa keessatti akka nama beekaa tokkootti lakkaawwama. Uummanni amala gadheefi gochoota gadhee ta’an balaaleffachuufi wantoota gaarii ta’an jajjabeessuuf mammaaksatti fayyadamu. Mata-duree murtaa’e osoo hinqabaatiin calliseetuma himamuu hindanda’u. Fakkeenyaaf, iddoo jaarsummaatti namoota waldhaban araarsuuf mammaaksi faayidaa guddaa qaba. Altokko tokko yaada garaagarummaa qabu tokko walitti fiduuf waan baay’ee dubbatamee dadhabame mammaaksi tokko walitti araarsee jaarsummaan sun nagaan xumurama. Yaaduma kana kan dhugoomsu jechamni mammaksi, “dubbii fida, dubbii fixa” jedhu hawwasa keeny biratti beekamaadha.
Mammaksi yoo dhiyaatu afaan miidhagoofi jechoota filatamootti dhimma baha. Yaada kana ilaalchisee, hayyuun Ruuz Finegaan jedhamtu yoo ibsitu, “Proverbs are essential to life, and language: without them, the language would be but a skeleton without flesh, a body without soul ”(Ruuz Finegaan, 1970:415).
Guddina afaan tokkootiif mammaaksi shoora guddaa taphata. Namni mammaaksa irratti dandeettii guddaa qabu, beekumsa afaanii gadi fageenyaa niqaba. Kunis, mammaaksi mallattoo dandeettii afaanii ta’uu isaa agarsiisa.
Gocha: 4.
I. Gaaffilee armaan gadii dhuunfaan hojjechuun deebii isaarratti yaada keessaan gareen waliin mari’adhaa.

  1. Faayidaa mammaaksi tokko qabu maal maal akka ta’e tarreessi.
  2. Mammaaksi kan dubbatamu namoota akkamiin akka ta’e sababa isaa waliin himi.
  3. Mammaaksi “koobaa dubbii ti’’ yoo jedhamu maal jechuu dha?
  4. Namni mammaaksa beeku dandeettii afaanii ni qaba maaliif jedhame? Ibsi.
    II. dhaamsa mammaaksota kanneenii jechoota mataa keetiin ibsi!
    1.Biyya fardi hin jirre harreedhaan garmaamuu.
  5. Ijji naachaafi ijji raachaa bishaan keessa walarga.
  6. “Gadheen hiriyaa qabdii” jennaan “kan akka ofii dhabdii,’’ jedhe.
  7. Sareen deemsa baay’istu warratu duuba qalata.
    C. Qabiyyee Mammaaksaa
    Mammaaksi hawaasa keessatti sababoota adda addaatiif mammaakama. Kunis, dhaamsa adda addaa qabu irratti hundaa’uun bakka adda addaatti qoodamuu mammaksaa mul’isa. Bu’uuruma kanaan qabiyyeen mammaksotaa muraasni catoo armaan gadii keessatti dhiyaateera. Kanuma bu’uura taasifachuun gosoota mammaksotaa qabiyyee isaanirratti hundaa’uun itti dabalii tarreessi.

.

Gocha: 5. Fakkeenya armaan gadii irratti hundaa’uun tajaajila mammaaksota dhiyaatanii ibsi!
T.L Mammaaksa Gosa isaa
1 Firri firatti jennaan, kal’oon gama loonii ceete. firummaa

  1. Manaaanurra mana aarutti goruu wayya. Abdii
    3
    4
    5
    6
    7
    8
    9 Jabbileen hin guddanne ol garagaltee fincooftii. dheekkamsa
    10
    11
    12
    13
    14 D. Buusa Mammaaksaa

Buusaan mammaaksaa qabiyyee mammaaksaarraa garaagarummaa qaba. Kunis, amaloota mammaaksaa gosoota afoolaa kanneen biroorraa adda baasu keessaa buusan isa tokko. Buusaan mammaaksaa, qabiyyee ykn yaada mammaaksi sun qaburratti hundaa’uudhaan beekkamuu hindanda’u. Sababni isaas qabiyyeeniifi buusaan mammaaksaa waan adda ta’eedha.
Mammaaksi buusaan isaanii kan wal fakkaatan, qabiyyeen isaanii garaagarummaa qabu. Kunis kan nu hubachiisu qabiyyeen buusa akka murteessuu hindandeenyeedha. Mammaaksa Afaan Oromoo jechoota lamas haa ta’uu isaa olirraa ijaarraman, hima isaanii bakka lamatti qooduudhaan ilaaluun ni danda’ama. Yaada kana qorataan afoolaa kan ta’e Richards M. Dorson, yoo ibsu: ‘’ It is primarly the pronounced effect of balance that produce the wity effect of the proverb, and this balance arises most not ably from two- part composition .The proverb is generally a sentence that is perceptibly broken in the middle.’’(Richard M.D,1972:120)
a) Buusa Qixxeessaa
Mammaaksi kutaawwan lamaan mammaaksichi itti qoodamu kun yeroo baay’ee akka walalootti sagaleen dhumaa wal fakkaata. Mammaaksonni qixxeessaa jedhaman kunniin, kutaawwan lamaan walitti firoomsu malee hinfaalleessan.
Fakkeenyaaf, 1. Rakkoon nama hinqabinii/ haati soddaa nama hinqallabinii.
Jiruu deegaa jiruu seetaa?/ raafuu fixee rafuu didee.
b) Buusa Waldiddaa : Buusni kun yaanni duraafi yaanni lammaffaa kan wal faalleessanidha.
Fakkeenyaaf, 1. Eeboo darbatanii/ jinfuu hinqabatanii.
2.Fira firatti hamatanii / naaf dhoksi hinkadhatanii.
c) Mammaaksa buusaan sababaafi bu’aa( cause and effect) qabu.
Fakkeenyaaf. 1 Quufan malee hin utaalan/utaalan malee hincaban.
2. Abbaan iyyatu malee/ollaan hinbirmatu.
d) Mammaaksa jettee jedhaniin mammaakamu
Mammaaksi kun namoota beekamoo ta’an ykn wantoota beekamoo ta’aniin bu’uureeffachuun mammaakama.
Fakkeenyaaf. 1. “Akkanatti natti yaa ifu’’ jette, maraattuun ibidda manatti suuqxee.

  1. ”Nooraayaa ijoollee koo ulfinni manaa ka’aa’’ jedhan, Abbaan Jifaar.

Gocha : 6. Mammaaksota’’A’’jala jiran buusa mammaaksa ‘’B’’ jala jiran waliin walitti firoomsi.
‘’A’’ ‘’B’’

  1. “Re’een kan ofii hinbeektu sareen eegee gadi qabi’’jetti. A. Faalleessaa
  2. Hiriyaan jaldeessaa/qileetti nama geessa. B. Jettee
  3. Sareen iyyitu/nama hinciniintu. C.Wal diddaa
  4. Yaa rakkoo fuuloo saree/itti kaa’an ninyaatti
    /irraa fuudhan nikaatti. D. Qixxeessaa
  5. sareen hudduurra madaa qabdu/ akka feete hinduttu. E.Sababaafi bu’a
  6. Waa malee/manni hin aaru. F. Jeeqamuu

II. Hiibboo
A) Maalummaa Hiibboo
Hiibboon aadaa saba Oromoo keessatti burqaa beekumsaa guddaa dha. Beekumsi hiibboon argamu kunis bara dheeraarraa kaasee amma har’aatti dhaloota tokko irraa dhaloota itti aanutti darba.
Gocha-7. Gaaffiiwwan armaan gadi dhuunfaan yaalli tokkoshaneen waliin mari’adhuu, daree guutuuf dhiyeessaa.

  1. Seera hiibboon itti gaafatamu ibsuu dandeessaa?
  2. Hiibboo beektu keessaa shan deebii isaa waliin ibsi.
  3. Hiibboo beektu keessaa deebii tokko, lamaafi isaa oli qaban addaan baasuun kaa’i.
  4. Hiibboon hima tokko, lamaafi isaa oli qaban adda baasi.
  5. Garaagarummaa hiibboo maatiifi hiibboo gaaffiin qaban ibsi.
    Hiibboon seera itti gaafatamuu fi deebi’u niqaba. Inni gaafatu: “Hiibboo’’ yoo jedhu, inni deebisu: “Hibbakka”/ “Hibib” / “Hiphis” jechuun gaaffii harkaa fuudha. Gaafataan hiibboo erga gaafateen booda gaafatamaan akka qoratuufi hinqoranneef carraa kennuufi dhoowwachuuf aboo/ taayitaa qaba. Kunis akkuma hiibbicha gaafateen yoo gaafataman akka hinqaoranne barbaade “hinqorattu; hinsoqattu jedhaan. Haata’uu malee, gaafatamaan dursee osoo gaafataan hindaangessin “qoradha; soqadha” yoo jedhe mirga fucha (clue) argachuudha niqabaata. Gaafatamaan yeemmuu qoratu akkas jedha, “alamoo mana gala? Dhahan xiixaa, muraan dhiigaa?” fi kkf jedha. Gaafataniis, akkuma amala deebiin hibboo sanaa qabuun qorannaa isaaf deebii kenna. Gaafatamaanis, yoo deebii hiibboo kanaa kennuu wallaale gaafataadhan ni’arrabsama. Arrabsoon dura, “gabaa” ykn “biyya naa kenni,” jedhan. Inni gaafatames, gabaa kennaaf ykn “sii galche, baqsaa dhugi,” jedhaan.
    Fakkeenya: Gaafataan “Bosona seenee ulee qajeelaa tokkoolee dhabe’’ jedhee akkuma gaafateen hinqorattu hinsoqattu jechuu danda’a. Gaafatamaa yoo deebii wallaale gaafataan “biyya” ykn “gabaa naaf kenni,’’ jedha. Gaafatamaan “Asallaa fudhadhu,” jedha. Kanaan booda, gaafataan bakka argate erga farfatee kan ofii ta’uu isaa gammachuun ibseen booda gaafatamaa arrabsuu eegala. Gaaftamaanis akka baayyee hin arrabsamneef, “dammaan si qabe” jedhaan. Kana booda gaaftamaan arrobsoo dhiisee firoomuufi walta’uu isanii kan agarsiisuuf “fardi hindannbsu kana caala sinarabsuu; hundee migiraa hundeen nu fira”jechuun haraara busuun deebii hiibboo sanaa itti hima.
    Arrabsoo hiibboo Afaan Oromoo
    Anaaf dhadhaadhaan faffatuu,
    Siif faandoodhaan faffatuu,
    Asallaan si dhaqeen
    kaballaan si naqee
    Amboon si dhaqeen
    Tamboo si naqee
    Gaaraan si dhaqeen
    Daaraa si naqeen
    Qoobboo balbalaa ta’i
    Fardeen sitti haa rigattuu
    Caffee keessa kaadhu
    Bofaafi raacha nyaadhu
    Gufuu gugguuftuu jala ba’i.
    Osoo dhudhuuftuu ganna ba’i.
    Handaqii irra ciisi,
    Albaatii gadi dhiisi.
    Fardi hindannabsuu
    Ani kanirra si hin arrabsuu
    Hundee migiraa
    Nu walii firaa!

Jechuun deebii isaa “dabbasaadha ’’ jedhee itti hima. Hiibboon haala kanaan taphatamu kunis namoota umriidhaan walgitan wajjin ta’
B. Faayidaa Hiibboo
Hiibboon baayyinaan daa’immaniin kan geggeeffamu yoo ta’u bifa gaaffifii deebiin kan dhiyaatudha. Adeemsa gaaffiifi deebiin dhiyaatu keessatti daa’immaniif faayidaa hedduu kenna. Faayidaa hibboon daa’immaniifi hawaasaaf qabu keessaa muraani catoo armaan gadiin ibsameera.

Gocha: 8. Gaaffilee armaan gadii gariin irratti mari’achuun dareef dhiyeessi!

  1. Faayidaa hiibboon hawaasaaf kennu ibsaa.
  2. Hiibboon akka safuu hawaasaa barsiisuu danda’u fakkeenyaan ibsaa.
  3. Hiibboon dandeettii yaadachuu akka cimsuu danda’u fakkeenya waliin kennaa.
    1. Adeemsa gaaffiifi deebiin daa’imman hiibboo taasisan keessatti dandeettiin isaan gabbifachuu danda’an heeruun ibsi.
    2. Adeemsa hiibboo geggeessuu keessatti ga’ee gaafataafi gaafatamaa ibsi.
      III. Sheekkoo
      A. Maalummaa Sheekkoo
      Sheekkoon damee afoolaa afaaniin kan darbu ta’ee, wantoota adda addaa kan akka horii, nama, bineensota, muka, dhagaafi kkf irratti bu’uureeffachuun kan himamuudha. Yeroo wantoota kanarratti hundaadhaan himamus haala af-walalootiin ykn haala af-holoolootiin ta’uu nidanda’a. Sheekkoon akkuma wantoota adda addaarratti hundaa’uudhaan dubbatamu faayidaa adda addaa qaba. Gocha:9. Yaadolee armaan gadii yoo sirrii ta’e dhugaa yoo sirrii hintaane soba jechuun deebii kennaa.
  4. Sheekkoon namootaan himamu dhugaarratti bu’uurreeffateetti himama.
  5. Hiibboon yaada gabaabaa waan qabuuf, ijoollee hawaasaafi naannoo waliin walbarsiisa.
  6. Sheekkoon bineensotaa ergaa dhugaarratti hundaa’e qaba.
  7. Sheekkoon himamu bashannansiisuuf qofa fayyada.
  8. Hurrubummaan sheekkoo dhaggeeffachuufi dubbachuun tamsa’a.
    Sheekkoon irra caalaan kan xiyyeeffatu dhugaa jirurra osoo hintaane miira ykn coraa uummata sanaarattidha. Ijoolleenillee yeroo jalqabaaf hawaasaafi naannoo keessa jiraataniin kan walbaran sheekkoodhaani. Kun immoo, sammuu ijoollee bashannansiisuu, qaroomsuudhaanis ta’ee dandeettii afaan isaanii guddisuun gahee guddaa qaba.

B. Gosoota Sheekkoo
Sheekkoo Ibsaa

heekkoo    Sheekkoo

Seenessaa Bineensotaa

                                           Sheekkoo     Durdurii

Sheekkoon gosoota garaagaraa qaba.

  1. Sheekkoo Seenessaa
    2.Sheekkoo Durdurii
    3.Sheekkoo Ibsaa
    4.Sheekkoo Bineensotaa jedhamu
  2. Sheekkoo Seenessaa: seenessaan gosoota sheekkoo keessaa tokko yoo ta’u, waa’ee namootaafi gochoota beekkamaa ta’aniiti ibsa. Akka qorataa afoolaa Okpeewutti, sheekkoo seenessaan waa’eefi gochoota beekkamoo ta’anii yeroo seenessinu ykn odeessinu isaan kaanirraa adda baasuudhaaf kan moggaafameedha.Yeroon seenaaniifi gochi kun itti raawwates, ganama har’aatii kaasee hanga duriitti akka ta’uu danda’u qorataan kun ni hubachiisa. Seenaan kun waa’ee mootii biyya ykn saba tokko bulchuu ta’uu ni danda’a. Akkasumas, waa’ee gootummaa dirree waraanaatti raawwatame tokkoo kaasuudhaan kan seenessu ykn odeessu ta’uus ni mala. Fakkeenyaaf, waa’ee Jimma Abbaa Jifaar, Taaddasaa Birruu ykn Abdiisaa Aagaafi kkf kan seenessamu ta’uu danda’a. Akka qorataa afoola Afaan Oromoo Piroofesar Kilaawud Saminar ibsutti,sheekkoon seenessaan haala lamaan seeneffamuu danda’a jedhu. Isaanis:
    I. Seenessaan ykn namichi oduu himu ykn seenessu sun, wanta qooda keessatti fudhate ykn akka nama ijaan argeetti seenessa.
    II. Wanta yeroo ta’e tokkoo dhaga’ame akka asoosamaatti namoota birootiif kan seenessuudha. Yeroo seenessamu sana akka qooda keessatti qabuufi akka waan san argeetti hinseenessamu. Kan seeneffamu jette, jetteedhaan ykn haala asoosamaatiini. Kanaafuu, sheekkoon haala asoosamaafi al-asoosamaatiin seeneffamuu ni danda’a jechuudha.
    Fakkeenyaaf,
    Garbittii
    Jabana durii Suufaa Gorfee nama jedhamu ture. Ayyuu kan jedhamtuu immoo, garbittii isaati.Yeroo tokko Suufaan niitiiwwan isaa walitti qabee, dhiyana qophaaye yoo nyaatan, kan namni biraa hinkajeele naaf dhiyeessaa jedheen. Dhiyana niitiiwwan hundaa dhiyeessan martinuu ‘’Hin taanee deebisaa!’’ jedhee yeroo xiqqoo booda Ayyuu heexoo dhuubdee itti fidde.Eeyyan akkana jedheen dhiyana qophaayeef galateeffate.Yeroo tokko bulchaawwan biyya sadii, walitti qabaman,’’waan akka dhagaa ulfaatu,waan akka bubbeetti gulufuu,waan akka dacheetti bal’atu maalii?’’ jedhanii gafatan.Gaaffii kana namni beeke bulchaa biyyaa sadiinii ta’a’’jedhan.Eega kana Suufaan manatti galee dhiyana dhiyeessaniif nyaadhu jennaan ‘’Hin nyaadhu jedhee dide.maaf hin nyaanne?’’jennaan,’’Gaaffii waan akka bubbeetti gulufuu,kan akka dhagaatti ulfaatuu fi kan akkaa dacheetti bal’atu deebii isaa barbaadaa fidaa waan nuun jedhaniif hanga deebii gaaffii kanaa argadhee moo’uttii ykn hanga dhabee moo’amuttii dhiyana hin nyaadhu’’ jedhee dide. Osoo dhiyana hin nyaatin guyyaa lama sadii oole.Kana booda garbittii isaa kan taate Ayyuu dhiyana itti fiddee, gaaffii isin gaafatan sun yoo akkana hin ta’in rabbiitti mootummaa isin hin fedhiini nyaadhaa jetteen.Itti fuftees,’’waan akka bubbeettii gulufuu oduudha.waan akka dacheetti bal’atu nageenya, waan akka dhagaatti ulfaatu hiyyummaa jetteen’’Suufaanis gaafa beellamni gahe deebii kennuuf deeme.Deebiin hayyootni biroo deebisan deebii sirrii miti .Dabareen Suufaan ga’e innis yoo deebiisu:waan akka dhagaatti ulfaatu hiyyummaa,waan akka dacheetti bal’atu nageenya ,waan akka bubbeetti guluufuu oduudha’’jedhee deebiisee deebiin isaas sirrii ta’ee harka rurukutaniif bulchaa biyya sadaniis ta’e. Ayyuunis niitii godhate waliin jiraatan.
    Yeroo baay’ee erga waliin jiraatanii booda guyyaa tokko wal-lolan.Sababni irratti wal-lolanis nama biraa jaalatte jedheetti.Kanaaf jechaa Suufaan aariin guddaa itti dhagahamee dallanuun Ayyuu hiikuuf garaa kutannoon qophaaye.Jaarsoliin biyyaa kana dhagayan dubbii isaa laaluuf jennaan Suufaan araarama dide.Jaarsonni kunniin hayyoota biraatis labsanii yeroo hedduu dubbii isaanii laalan, araara dide.
    Guyyaa tokko jaarsonni araarsuuf dhufnaan Suufaan’dalagaan isheen dalagde kan addaan nu baasuu malee kan walitti nu araarsuu miti’’jedhee waan dideef Ayyuun jaarsotaan akka jetteen’’Annuu nanaraarfadha,dhiisaa’’jettee itti mammaakte.’’Ani maaf nadhoo ta’ee kan waan xiqqoo hin dalagne, ati maaf dhiira taate kan waan xiqqoo hinobsine’’jetteenii Suufaanis Ayyuun walitti araarame nagaan waliin jiraatan jedhamaa.
    Gocha: 10.
    I. Gaaffiiwwan kanneeniif deebii dhuunfaa hojjechuun gareen waliin mari’adhaa.
  3. Sheekkoo seenessaa gosoota sheekkoo biroo irraa wanta adda godhu ibsaa.
  4. Akkaataan sheekkoo seenessaa ittiin seeneffamu addaan baasaa ibsaa.
  5. Haala sheekkoo seenessaan ittiin seeneffamu tokkoon tokkoon isaatiif fakkeenya kennaa.
  6. Sheekkoo seenessaa tokko akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan yoomessaafi qooddattoota keessaa muli’isaa.
  7. Sheekkoo durdurii (Romantic or Mythic legend) Sheekkoon durdurii sheekkoowwan gootummaa of keessaa qabanirratti kan xiyyeeffateedha. Namni seenessuus wanta dur dur ta’e waan seenessuuf gaaffii ragaarratti hundaa’e namni isa gaafatu hinjiru.
    Fakkeenyaaf,
    Mucaa Gowwaa
    Bara durii keessatti mucaa gowwaa tokkootu jiraa ture. Maatiin isaa niitii akka fuudhu kadhataniif. Guyyaa tokko warra soddaa dhaquudhaaf yemmuu ka’u, haati isaa akkana jetteen. “Yaa ilma koo, ati afaan kee si ajaawaa, warra soddaa yoo dhaqxuu afaan kee qabadhuutii taa’I,” jetteen. Gurbaan warra soddaa dhaqee homaallee hin dubbanne harkaan afaan qabatee taa’e. Yogguu callisee taa’uu jaartiin soddaa, “Ilma koo haasaa’i kaa’’ jetteen. Innis, “barii aayyoo tiyyatu, ‘yogguu warra soddaa dhaqxuu, afaan kee waan ajaawuuf qabadhuu taa’I’ naan jettee’’ jedheen. Afaan kee sin ajaawu lakkifadhuu haasa’i jetteen. Osuma taa’uu mucaan warra soddaa xiqqaan tokko fuula isaa dura dhufee, “Yaa ayyaayyii’’ jedheen. “Mucaan mataa guddatu kun isnuma keessaa bahee?’’ jedheen soddaatiin. Jaartiin maal yaa dubbattuu mitii rifatteetuma, “Abbaa!’’ jetteen. Warra keessaniin dhaqiitii sa’a ellaanu akkuma namaatti uumaayii?’’ jedhiitii warra keessanitti himi jetteen. Gurbaan dhaamsa warra soddaa warra ofiitti geessa jedhee “sa’a ellaanu akkuma namaa uumaa?’’ jechaa mana warra soddaa irraa ka’ee hamma mana isaanitti kanuma jechaa osoo deemuu ooydii midhaan irratti tumanitti dhufe. Yogguu kana ooydiirratti mucucaatee kufe. “Sa’a ellaanu akkuma akka namaa uumaa?’’ kan jedhu sun jalaa bade ooydii keessa barbaadutti seene. Osoo inni barbaaduu micayyoon takka itti dhuftee bira dabarte. Micayyoon moggaa dhaqxee isuma kolfaa keessa sa’a ellaanu akkuma akka namaa uumaa kana osoo barbaadu itti dhuftee, Obbo ganamallee waa barbaadda, asitti maaltu si jalaa bade?’’ jettee gaafatte. “Dhaamsa warra soddaatu narraa bade’’ jedheen. “Sa’a ellaanu akkuma akka namaa uumanii’’ jettee yemmuu micayyoon itti himtu, “yaa hattuu ganama na jalaa fuuteetti amma naaf galchite’’ jedheeti “sa’a ellaanu akkuma akka namaa uumaa’’ fuudhee warra isaatiif galee itti himee jedhama.
  8. Sheekkoo Ibsaa: Sheekkoo ibsaan gosa sheekkoo keessaa isa tokkoo dha. Sheekkoon kun ka’umsa aadaa ,amantii, haala jireenya uummata sanaa fi kkf ibsuudhaaf kan itti fayyadamnuudha. Naannoo keenya gaafilee adda addaan kan guutameedha. Gaafilee dhiyaataniif immoo, sheekkoon haala adda addaatin ibsa kenna. Fakkeenyaaf, daa’imman wantoota naannoo isaanitti arganirraa ka’uudhaan gaafii adda addaa ni gaafatu. Yeroo tokko tokkoo gaafilee isaan gaafataniif deebii quubsaa ta’e kennuuf nama rakkisu ni jira.Uumamni naannoo maaliif akkanatti ta’e kan jedhuuf haala falaasama ofiitiin deebii kennuu yaalu.
    Gaangeen maaliif dhala dhabdee?
    Bara durii keessa gaangeen akkuma beeladota biroo ni dhalti ture. Haata’u malee, baay’ee quuftuu turte. Waaqnis dur lafatti dhiyaachuun namoota dhukkuba adda addaatiin rakkatanii isa faana deemuun dhukkuba isaaniitiif irra furmaata ni argatu ture.
    Gaangeenis quufuu ishiirraan kan ka’e guyyaa tokkoo namoonni waaqayyoo duukaa deeman bira deemtee waaqayyoon bakka taa’uutti dhiittee, waaqayyoonis baay’ee dheekkamee gaangeennanaa dhala hin argattiin jechuun abaare. Kanaafuu, gaangeenis sababa abaaramteef dhala argachuu hindandeenye; waaqnis erga san lafarraa fagaate jedhama. Sheekkoo ofiitiin hawaasni sababa gaangeen dhala dhabdeef deebiisuuf yaala.
  9. Sheekkoo Bineensotaa (Fables): Sheekkoon kun horiifi bineensotatti qabachuun kan dubbatamudha. Sheekkoon akkanaa kun irra caalaa hamilee namootaa kakaasuufi bashannansiisuuf kan tajaajiluudha. Wanta fuulleetti dubbachuu hin barbaanne tokkos sheekkoo kanatti fayyadamuun yaada keenya ni ibsina. Fakkeenyaaf, namoonni wanta ifa baasanii dubbachuudhaaf sodaatan bineensotaafi horiitti qabachuun dubbatu. Tooftaalee jireenyaa, gowwummaafi abshaalummaafi kkf namni akka irraa baratu taasisa.
    Jaldeessaa fi Qamalee
    Yeroo tokko Jaldeessa, qamalee fi gooftaa isaanii leenca waliin jiraatu turan. Yeroo maraa qamaleen abshaala. Guyyaa tokko jaldeessi abshaalummaa qamalee kana balleessuuf yaadee, leenca bira deemee akkas jedhe “Aabboo guddaa osoo qamaleen kophee hodhuu beektuu akkamitti luka qullaa deemtuu?” jedheen.
    Yeroo kana leenci qamalee waamee akkas jedhe.”Qamuu kophee hodhuu beektaa mitii? Anaaf hodhi,’’ jedheen . Qamaleen abshaala waan taateef, haala dubbichaa bartee akkas jette ”Eyyeen kophee hodhuu nan danda’a garuu, gogaa kophee ta’u kan jaldeessaa barbaachisa ,’’ jette. Leenci deebii qamalee yemmuu dhaga’u “Kun immoo salphaadha. Jalddeessi isuma kana mitiiree?” jedhee obbo jalduu dugda keessa dhahee ajjeesee gogaa irraa baasee qamaleettii kenne. Qamaleenis duuguuf jiidhuun barbaachisaadha, jettee garba guddaa keessa buuftee callifte.
    Leenci eegee dadhabnaan qamalee waamee” meerree kopheen koo!’’jedheen. Qamaleenis waan abshaalummaa cimaa qabduuf akkas jechuun deebii kennite. “Yeroon gogaa fuudhuu dhaqu kan isin fakkaatu tokko bishaan keessaa ol bahee na arii’e “ jette. Leenci eenyuu kan na fakkaatu kan biraa jedhee loluu dhaqe. Akka dhaqeenis yemmuu bishaan keessa ilaalu gaaddidduun isaa kan isa fakkaatu ilaala. Yeroo kana aaree nan caccabsa jedhee itti utaalee garba seenuun du’e jedhama.
    C. Sona Sheekkoo
    Sheekkoon gosoota afoolaa keessaa isa tokko ta’ee, karaa uummanni yaada ofi ittiin ibsudha. Sheekkoon uummata kamiyyuu sona (value) guddaa qaba. Sheekkoon beekumsa uummanni karaa kamiyyuu argachuu hindandeenye ibsuu nidanda’a. Jaalalli, jibbiinsi, of tuulummaanfi gootummaa hawaasa tokko keessa jirullee sheekkoodhaan calaqqisuu nidanda’a. Haala kanaanis, amala ummata addunyaa hundaa ibsuudhaan ilaalcha namootaas muuxannoo dhaloota duriirraa madde waliin ni’ibsa.
    Sheekkoo Afaan Oromoo keessaayis harki caalu sheekkoo bineensotaati. Sheekkoon akkanaa kun uummanni gaddaafi yaada qabu horiifi bineensotatti qabachuun kan ittiin ibsuudha. Kun immoo, uummata Oromoo isa sirna bittaa jala jaarraa tokkoo ol tureefi akka fe’etti yaada ofii ifaan ibsuu hindandeenyeef sheekkoon akkanaa kun bu’aa guddaa qaba.
    Sheekkoon Oromoo baay’een isaanii kan hamilee namaa gara waan gaariitti kakaasaniidha. Seenessaan sheekkoo Oromoos irra caalaa kan xiyyeeffatu dhugaa sheekkoo sanaarratti osoo hin ta’iin, miira/cora uummata sanaarratti ta’a. Gocha-11
    I. Gaaffilee armaan gadii gareen ta’uudhaan deebii ifaafi gabaabaa ta’e kennaa.
  10. Garaagarummaa sheekkoo seenessaafi durdurii ibsaa.
  11. Sheekkoo durdurii keessatti, dhaggeeffataaniifi seenessaan mirga qaban addaan baasuun ibsaa,
  12. Qabiyyeen sheekkoo ibsaa maal akka ta’e waliif himaa.
  13. Faayidaa sheekkoo ibsaan hawaasa tokkoof kennu addeessaa.
  14. Sheekkoo ibsaaf fakkeenya kennaa.
  15. Sheekkoo bineensotaa, sheekkoo biroorraa maaltu akka adda isa godhu tarreessa.
  16. Sheekkoon ka’umsa uumama adda addaa akkamiin akka ibsu barreessaa.
  17. Sheekkoon aadaafi safuu hawaasa tokko akkamiin akka galmeessu ibsaa
    IV. Sirba
    A. Maalummaa Sirbaa
    Sirbi gosoota afoolaa keessaa isa tokko ta’ee, kan jechaaniifi gochaan ibsamuudha. Sirbi akkuma afoola isaan biroo hawaasni yaada, miira itti dhaga’ame (gammachuufi gadda) isaa kan ittiin ibsatuudha.Gosoonni afoolaa keessaa sirbi, Taphni ijoollee, faaruu loonfi geerarsi gochaafi jechaan hawaasa keessatti tamsa’u. Sirbi gosoota hedduu qaba. Isaaniis; sirba jaalalaa, masqalaa, ayyaanaa, gadaa, cidhaafi kkf.
    Gocha:12. Gaafilee kanneen tokko-shaneen mari’achuun deebii kennaa.
  18. Gosoota afoolaa keessaa sirbi haala kamiin adeemsifamaa?
  19. Sirbi naannoo keetti sirbamu sirba akkamiiti?
  20. Sirba beektuu keessaa tokkoo ykn lama ibsi.
    4.Hurrubummaa sirba keessatti wantoota barbaachisaa ta’an maal fa’a? Mee sirba tokko filachuun akkeessi.
  21. Sirba Jaalalaa
    Hawaasa Oromoo biratti sirbi gosa afoolaa bal’inaan faayidaarra ooluudha. Namoonni yeroo gammachuus ta’ee haarii/quuqqaan itti dhagahamu ibsuuf nisirbu ykn niweellisu. Sirboota bal’inaan beekkaman keessaa inni tokko sirba jaalalaati. Namni tokko nama jaalateef jaalala qabu kan ittiin ibsuudha. Sirbi jaalalaa, hawaasa kamiyyuu keessa kan jiru yoo ta’u, sirboota hawaasa Oromoo keessaa harki guddaan sirba jaalalarratti hundaa’e dha jechuun ni danda’ama. Sirbi jaalalaa, hawaasichi ykn miseensi hawaasaa jaalalaa hiriyaa ykn jaalallee isaatiif ykn ishiif qabdu kan ittiin ibsatuudha.
    Fakkeenyaaf.1.
    Salaaleetti nagadaa
    Shugguxii malee maaf hidhatanii
    Magaallee jaallatanii
    Dhukkuba laphee maaf himatanii.
    Fakkeenyaaf. 2 Darroo roobe yaa Muluu,
    Biyya kee Darroo roobe yaa Muluu,
    Osoo hin nyaatiin gabbataa
    Namni shurrubaa kee jala buluu.
    Fakkeenya.3. Asii lalaan mullataa
    Yaa sibiluu yaa garba seexanaa
    Makiinaat bareessemoo
    Waaqat si kennee morma kee kanaa
    Makiinaan kan faranjii
    Waaqaat naa kennee galata Rabbii
    Qabiyyee Sirba Jaalalaa
    Sirbi jaalalaa qabiyyee adda addaarratti sirbama. Qabiyyeewwan sirba kanaa jaalalaan kan walqabatan ta’uu isaanii dabalataan waljibbuu, walii yaaduu, waliirratti jaalachuu, xiiqii galuu, quuqqamuufi kkf.
    Kottu kottu jettaa karaa kamiin dhufaa,
    Abbaan kee hamaadhaa guyyaan karra cufaa.
    Karkoriin qonna hintaanee,
    Xurreen imaama hin taanee,
    Waliin gahaan rabbii malee,
    Kaadhimaan niitii hintaanee.
    Hawaasa keessatti namni jaalalleensaa rakkoo irraan geessee tokko akkanatti yaada isaa ibsata/tti. Fakkeenya sirba Salamoon Dannaqaa yoo fudhannee ilaallu,
    Yaa Dabalee Simaamuu (x3)
    Amalli kee hamaadhaa
    ganda malee si hindhaabuu.
    Sirba kanarraa kan hubannu weeddisaan kun jaalalleensaa amala ishiitiin akkatti rakkatee, gorsaanis dadhabe. Sirba kana keessatti komiin akka jirus hubachuun nidanda’ama. Sirbi akka kanaa dhiiraanis ta’ee dubartiin sirbamuu nidanda’ama. Asumaa qaqalattee Baaleefi Arsii buuta yaa karaa. Sabbataan si dadhabee sansalatan si bitaa yaa garaa. Jorroo kee yaa Guddataa hurufa looleetiin baqaqsani, Garaa tokko jaalatee tokko jibbe maaliin madaksani. Weedduun kunis, jaalala ilaalchisuun qabiyyeen irratti hinsirbamne jiraa jechuun rakkisaadha. Hawaasni akka naannoo ofiitti jaalala ilaalchisuun nisirba.
    Gocha: 13. Gaaffiiwwan kanneeniif deebii gabaabaafi ifa ta’e kennaa.
  22. Sirba jaalalaan dhimmoota akkamiitu sirbama?
  23. Sirbi yeroo akkamii akkamii akka sirbamu ibsaa.
    3.Sirba jaalalaa naannoo keetitti sirbamu barreessii dareef dhiyeessi.
    V. Tapha Ijoollee
    Ijoolleen yeroo loon tiksan ykn miidhaan eegan akkasumas, yemmuu walitti dhufan nitaphatu. Taphni kun tapha gee’eessonniifi namoonni umrii ijoollummaa keessa hinjirreen kan taphatamu mit. Kanaaf tapha kana keessatti waarreen hirmaataan daa’imman ykn ijoollee waan ta’eef, tapha ijoollee jedhamuun moggafame. Hawaasa kamiyyuu keessatti ijoolleen yeroo isaanii kan itti dabarsan tapha adda addaa taphachuudhaan.Tapha kana kan baratan hawaasauma keessa jiranirraayi. Maatiinis, ijoolleen isaanii akka hinmukoofneefi akka hiriibni hinqabne tapha itti himuudhaan waliin taphatu ykn obbolaa waliin taphatu. Ijoolleen tapha hawaasicharraa baratan kana yeroo baay’ee lamaafi lamaa ol ta’uun waliin taphatu. Qabiyyeen tapha isaaniitis wantoota adda addaa ta’uu nidanda’a.
    Gocha-14: Gaaffiiwwan kanneen deebii isaa dhuunfaan erga yaaltee booda garee kee waliin ilaaluun dareef dhiyeessaa.
  24. Yeroo ijoollummaa kee taphoota akkamii taphachaa akka turte ibsi.
  25. Tapha ijoollee gareen taphatamu ibsi.
    3.Tapha ijoollee gaaffiifi deebiin taphatamu ibsi.
    Qabiyyeewwan tapha ijoollee jechaafi gochaan taphatamuu nidanda’a.Taphni ijoollee akaakuu adda addaa qaba.Isaaniis:
    A. Tapha ijoollee kan gaaffiifi deebiidhaan taphatamu.
    B. Tapha ijoollee kan gareedhaan taphatamu.
    C. Tapha ijoollee kan lakkoofsarraatti bu’uureeffamee taphatamu.
    D. Tapha ijoollee kan jechaafi gochaan taphatamu.
    A. Tapha ijoollee kan gaaffii fi deebiidhaan taphatamu.
    Taphni ijoollee kun yemmuu taphatamu nama lamaan ta’uudhaani jechaan taphatamaa.
    Waan Goda Godaa
    Waan goda godaa Haanquu
    Godaa billaachaa Haanquu
    Dhuufuu cinaachaa Haanquu
    Waan mana gubbaa Haanquu
    Waan nama nyaatuu Haanquu
    Waan saree nyaatuu Haanquu
    Waan saree nyaatuu Haanquu
    Waan harree nyaatuu Haanquu
    Hanga lukkuun kiyya barii barraaqa gamaa galutti namni dubbate waan kana hunda nyaata. Lukkuun yoo gale ni iyya. Kukkuluu…naa bari’ekaa.
    Taphni ijoollee kun ijoolleen madda waan tokkoo akka beekaniifi deebii loojiikii qabu kennan isaan gargaara.

B.Tapha ijoollee kan gareedhaan taphatamu.
Taphni ijoollee kun nama lama ykn gareedhaan ta’uun kan taphatamudha.
Haadha Roobee
Haadha roobee yee
Gama keessan roobee? Eeyyeen
Maaltu roobee? Bokkaa
Bokkaan maal biqilcha marga
Marga maaltu dheedaa? Goromsa Haadha Gujiiti.
Haati Gujii deette? Eeyyeen
Maal deette? Ilmaafi intala,…
Taphni akkanaa kun kan gaggeeffamu garee gareedhaan nama lamaa ol ta’uun, gareen tokko gaaffii gaafataa, gareen lammaffaa immoo, deebii kennuu. Kunis, dabaree dabareedhaan osoo walhinjeeqne taphatu. Daa’imman yoo walirraa fagoo jiraatan ta’e sagalee ol kaasuun akka dhaga’amutti wal waamaa taphatu.
Fakkeenya.
’Yaa Jalduu Biilee’
A: Yaa jalduu biilee maal lagaa gootaa?
B: Koobotan guuraa
A: Maal ittiin gootaa?
B: Shuummoon afeelaa
A: Ilmoo hinqabduuree?
B: Ilmoolee qabaa takka ni duutee, takka bishaan buutee.
Tapha ijoollee keessaa ijoolleen yeroo midhaan irraa bineesotaafi siimbirrota eegan kophaa ta’uu isaanii akka itti hindhaga’amne/hinmuukofneef gamanaa gamasii wal waamuudhaan taphatama. Tapha ijoollee keessaa ijoolleen wal harkaa fudhachuun taphatan naannoo naannootti garaagarummaa ni qaba.
C.Tapha ijoollee kan lakkoofsarratti bu’uureeffamee taphatamu.
Tapha ijoollee qabiyyee adda addaarratti hundaa’uun taphatama. Kunis, lakkoofsarratti bu’uureeffamee kan taphatamudha.
Fakkeenya.
‘Tapha Handoodee’
Takkee lamee
Lameerraan kuleenaa
Kulkul daraboo
Siloo siliil
Kaarruu karamaa
Fiilloon filiriiq
Handoodee takka
Handoodee lama
Handoodee Sadii, …
Taphni ijoollee, ijoollee bashannansiisuu ala, sammuu isaanii qaruu, toofta miliquu barsiisuu, hiriyaafi namoota naannoo isaanii waliin akka wal baraniif nifayyada.
Gocha: 15. Gaafilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta’e gareedhaan kennaa.

  1. Tapha ijoollee maal maalirratti hundaa’uudhaan addaan qooduu dandeenyaa?
  2. Taphni ijoollee faayidaa maalii qaba?
  3. Hurrnubummaan tapha ijoollee haala kamiin mul’achuu danda’aa?
  4. Tapha ijoollee naannoo keetiitti taphatamuufi akkaataa itti taphatamu ibsi.
    VI. Faaruu Loonii
    Uummanni Oromoo qabeenya isaa keessaa inni tokkoo looni. Loon isaatiin baay’ee beekamaadha. Qabeenyi nama tokkoo loon isaatiin madaalama. Jiruufi jireenya isaa kan ittiin gaggeessu bu’aa loon irraa argatuun waan ta’eef, loon isaatiif jaalala guddaa qaba. Uummanni Oromoo jaalala loon isaaf qabuu mul’isuuf faaruu adda addaatti fayyadamuun loon isaa faarfata. Dabalataanis, yeroo hojii adda addaa hojjetu kanneen akka: qotiisaa, haamaa, miidhaan sassaabuu, calleessuufi kkf loon isaa faaruu adda addaatiin faarsaa hojjata.
    Hurrisi yaa loonii
    Hurrisi yaa loonii (2)
    Hurrisaan midhaan galchee
    Roorrisaan ilma dhalchee
    Hurrisi yaa loonii (2)
    Callaan gootaraa baree
    Farsoon maadiggaa baree
    Girdiin dagoogoo baree
    Hurrisi yaa loonii (2)
    Hawaasni faayidaa loon irraa argatuufi jaalala loon isaaniif qabu san walqabsiisuun tikseen loonifi kunnuunsa gochuu akka qabu kan barsiisudha. Akkasumas, kallattii garaagaraan Uummanni Oromoo loon farfata.
    …Obaa saayya- obaa saayyaa,
    Obaa loon yee-
    Adurreen hariitee…loon yee
    Aduun sitti dhiitee…loon yee
    Obaa saayyaa ——–obaa saayyaa
    Saani maal hin taanee?…saayyaa
    Kotteen shiinii tahaa…saayyaa
    Foon irbaata tahaa…saayyaa-
    Gogaan waalluu tahaa…saayyaa-
    Gaafii waancaa tahaa…saayyaa hee!
    Adaraa yaa tiksee…saayyaa
    Suutoo jalaa dhahii…saayyaa
    Suuta margaan ga’ii…saayyaa hee!
    Adaraa yaa tiksee…saayyaa
    Dirra isaa hindha’iinii…saayyaa
    Dirri ribu qabaa…saayyaa
    Waan si dhibuuf qabaa…saayyaa hee!
    Gocha: 16. Gaaffiiwwan kanneeniif deebii ifaafi gabaabaa ta’e kennaa.
  5. Qabeenyi nama tokkoo hawaasa Oromoo biratti maaliin akka madaalamu ibsaa.
  6. Uummanni Oromoo loon isaa haala akkamiin faarsaa?
  7. Uummanni Oromoo maaliif loon jaalataa?
  8. Faaruu loonii naannoo keetti beekamu tokko farfachuun dhiyeessi.
    VII. Geerarsa
    Geerarsi afoolaa Oromoo keessaa isa tokko yoo ta’u, namni miira isaa hunda kan ittiin ibsatudha.Geerarsi gosoota afoolaa keessaa kan amala sirbaa qabuudha, Akka qorataa afoolaa Oromoo Kilaawud Saminar ibsetti, Uummata Oromoo biratti geerarsi gosa afoolaa balinaan beekamuudha. Geerarsa namni hundi hingeeraru. Naannoo baay’eetti dhiira malee, dubartiin hingeerartu, darbee darbee garuu,wanta hamilee ishee tuqu yoo jiraate nigeerarti.
    Dubartiin hingeerartu,
    Yoon geeraree maal qaba,
    Eessa kootu mudoo qaba,
    Abbaan koo korma leencaa,
    Eessumni koo qeeransaa.
    Eenyuu abbaasaatu namormaa? ( Wiirtuu jild.4:42)
    Namni tokko dhiira waan ta’eef qofa geerarsa kan geeraru miti. Sababnii isaa, geerarsi dandeettiifi ogummaa, akkasumas, kiilolummaa sagaleefi walaloo geerarsichaa beekuu gaafata. Geerarsi akkuma afoola birootti namoota hundaan iddoo hundaatti kan geeraramu miti.Geerarsa iddoo jigiitti, iddoo cidhaatti, iddoo loon eeganiitti yeroo dabarsuu geeraramuu nidanda’a.
    Namni tokko akka geeraru wanti onneessaa tuttuuqu jiraachuu qaba. Nama ykn namoota wal harkaa fudhuun isa gargaaran jiraachuu qabu. Dabalataanis, jalaa qabni geerrarsaa/ cookni geerarsa geeraramutti jajjabinaafi onnee itti uuma. Namni geerarsa beekuu ta’ee,garuu,osoo hin geerariin ture tokko maqaa isaa dhaha’uudhaan tuttuuqanii akka geerarsaaf kakaasan taasisu. Fakkeenya,
    “Mar’ataan kottee hin qabuu,
    Barruu saatu jaatamaa,
    Abalu onne hin qabuu,
    Marimaantu raafama”jedhu
    Yoo nyaatumaa nyaatanii,
    Nama hingabbisu raafuunii,
    Nama ruurressa malee,
    Yoo yaadumaa yaadanii
    Nama hin raffisu yaadnii
    Nama yuuyyessa malee.
    Yeroo kana namichi maqaansaa dha’ame sunis bakka taa’ee utaalee ka’uudhaan, tuttuqaa saniif geerarsaan deebii kenna. Yeroo kanas, geerarsaan akkana jedha.
    Geerar geerar naan jedhuu,
    Geeraruu maal na gorsuu,
    Anaa garaan nan obsuu.
    Jaldeessi garbuu quufee,
    Biilaa tuttufaa deemaa,
    Aariin garaa na guutee,
    Kophaa gungumaa deemaa.
    Geerarsa amma fedhes dandeettii yoo qabaate namni tokko qofaa geeraraa hinoolu. Daggeeffataanis nuffuu danda’a. Kanaafuu, namoonni geerarsa beekan walharkaa fuudhu.
    Si diruuree ? yaa callee,
    Danda’eellee sin diruu,
    Sin hammaarradha malee,
    Si furuuree? Yaa hiriyyee,
    Danda’eellee sin furuu,
    Sin gargaaruudha malee.
    Namicha geeraru san harkaa fuudhu. Yeroo kana namichi geeraraa ture sun dabaree isaa nama birootiif dabarsee taa’a. Namoonni biroo bifa birootiin akkana jechaa geerarsa walharkaa fuudhaa geeraru.
    Karra keen cufee mitii,
    Dalga buuseetan darbee,
    Cabsa keen dhufee mitii,
    Dadhabbii keetan argee jedha.
    Geerarsa kanniinirraa hubachuun akkuma danda’amutti, geerarsa walharkaa fuudhuun geeraruun kun seera qabeessa. Namni tokko osoo geeraraa jiruu, namni biroo akka fe’edheetti ka’ee geeraruun seeraan ala. Namicha geeraraa ture san akka tuffatametti fudhachuun ni danda’a. Kanaafuu, seera eeguun geerarama.
    Namni tokko yoo geeraru, namni biroo immoo, jalaa qaba.Kunis namichi geeraru sun akka yaadasaa naanneffatuufi akka hafuura fudhatuuf isa gargaara. Namichi geerarus akka isa caqasaa jiran yoo hubate hamilee guutuudhaan geerara. Geerarsi haala kanaan geeraramu kunis wanta adda addaarratti bu’uureeffachuu nidanda’a. Fakkeenyaaf, akkuma sirba jaalalaa keessatti hubachuun danda’amutti, geerarsa keessattis amaleessuun (analogy) nijira. Kunis, namni geeraru sun wanta onneesaa keessaa hamilee isaa tuqe san ifatti baasee dubbachuurra galaanatti ykn bishaanitti mukatti, horiitti, tulluufi kkf itti qabachuun geerara.
    Galaanni gannaa gannaa,
    Gaafa guutu beekuuree,
    Lubbuun gootaa billiqaa.
    Gaafa duutu beekuuree.
    Namni miidhaaniifi dhiibaan irra ga’e tokko callisee hin ilaalu. Humna miidhaafi dhiibbaan irra ga’e tokko ofirraa finciluun yoo dhabellee, amma humna horatutti, jireenya gadaddoo/ rakkoo irra gahee ibsa.
    Jimma hoo,Jimma Jimmaa,
    Walakkaat Gibee malee,
    Jirraa hoo, jirraa jirraa,
    Wal argaat dhibee malee.
    Jirra kaa jirra jirraa,
    Jireenyaa maali jirraa,
    Kan qonne namaaf hirraa,
    Dinnichaafi buqqeen jirraa,
    Masaanuu xaddee jirraa.
    Jedhee yeroo geeraru, namoonni dhaggeeffatanis akkas jechuun geerarsa jalaa qabu.
    Jimma karaan raara’ee yaa gubataa
    Ilma garaan aare yaa kutataa
    Yaa simbirroo boontuu baajjii ciraa
    Namni akka kee boo’u anuu jira,
    Hin ka’u nan foqoqaa,
    Akka gadeebii mucaa,
    Hinfiigu nan munyuuqaa,
    Akka dullacha qocaa.
    Gocha: 7. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta’e filadhaa.
  9. Geerarsi gosoota afoolaa Oromoo keessaa irra caalaa kamiin hariiroo qaba?
    A) Sheekkoo B) Sirba C) Mammaaksa D) Hiibboo
  10. Yaada armaan gadii keessaa kamtu dhugaadha.
    A) Geerarsi seera wal harkaa ittiin fuudhanii geeraran qaba.
    B) Namni tokko fedhiifi dandeettii qabaannaan ofumaa isaatiif geeraraa oola.
    C) Yeroo namni tokko geeraru, namoonni kaawwan immoo, dhaggeeffachuun ala gahee biroo hinqaban.
    D) Geerarsa walharkaa fuudhuun namni geeraru sun akka hindadhabneef qofa gargaara.
  11. Hawaasni geerarsaan:
    A) Gaddaafi gammachuu ofii ibsuu nidanda’a.
    B) Yaada ciigoo of keessaa qabatee ittiin dabarsuu nidanda’a.
    C) Gaabbii namni tokko jireenya isaa keessatti qabu ibsuu nidanda’a.
    D) Hunduu deebii ta’uu danda’a.  
    BOQONNAA SADI
  12. OGBARRUU BARREEFFAMAA
    Qabiyyee Boqonichaa
    F Maalummaa Ogbarruu Barreeffamaa
    F Akaakuu Ogbarruu Barreeffamaa
     Ogwalaloo
     Asoosama Dhangala’aa
    o Maalummaa Asoosama Dhangala’aa
    o Akaakuwwan Asoosama Dhangala’aa
    Seensa
    Maalummaafi gosoota ogbarruu boqonnaa 1ffaa keessatti adda baafattee jirta jedhamee yaadama. Boqonnaa 2ffaa keessatti maalummaafi gosoota afoolaa laalteerta. Boqonnaa 3ffaa kana keessatti immoo, gosoota ogbarruu keessaa ogbarruu barreeffamaarratti xiyyeeffachuudhaan qabiyyeewwan dhihaatan adda baafatta.
    Boqonnaan kun, maalummaafi akaakuwwan ogbarruu barreeffamaarratti hubannoo qabdu cimsuudhaan faayidaa ogbarruun afaan barsiisuu keessatti qabu hubattee hojii idilee keessatti akka itti fayyadamtu si gargaara jedhamee yaadama. Kanaaf, haala mijeessuuf akka ta’utti qabiyyeewwan boqonichaa kutaalee adda addaatti qoodamani haala armaan gadiitiin dhihaatanii jiru.
    3.1. Maalummaa Ogbarruu Barreeffamaa
    Akkuma boqonnaa tokkooffaa keessatti ka’e, ogbarruun hiika murtaawadhaan, hojiilee kalaqaa kan of keessatti hamatuudha. Hojiileen kalaqaa kunneen kan jechoota filatamoodhaan dhihaataniifi sammuu namaa bashanansiisaa barsiisuudhaaf oolaniidha.
    Hojiileen kalaqaa jechoota filatamoodhaan dhihaatan kun, akkaataa ittiin dhihaatanirratti hundaa’udhaan og-afaaniifi ogbarruu barreeffamaa jedhamuun bakka lamatti akka qoodaman boqonnaa tokkoffaa keessatti dhihaatee jira.
    Ogbarruun barreeffamaa, akkuma maqaa isaarraa hubachuun danda’amu, ogbarruu mallatummaa qubeetin dhihaatudha. Mallattummaa qubeeti kan dhihaatu waan ta’eef, qophii isaatifis ta’ee ergaa isaa hubachuuf, qubeefi sirna barreeffam afaan ittiin barraa’ee beekuun dirqama. Sababni isaas, bakka bu’aa sagalee dubbii afaan barreeffamni ittiin dhihaate yoo beekame malee dubbisanii hubachuun ykn barreessun ergaa dabarsuun hindanda’amu waan ta’eefi. Hubannoo kana bu’ureeffachuudhaan, ogbarruu barreeffamaa haala dhiyaaturratti hundaa’uun walaloofi hololoo jedhamuun bakka lamatti qoodama.
    Gocha: 3.1. Muuxannoo armaan dura qabdu bu’ureeffachuudhaan, gaaffilee armaan gadiirratti yaada qabdu hiriyaa keetiif qoodi.
  13. Barreeffamoota gosoota ogbarruu barreeffamaati jettee yaaddu erga tarreessitee booda, tarreeffama keetiifi kan nama sibiraa walbira qabuun gosa ogbarruu barreeffamaa ta’uufi ta’uu baachuu isaarratti mariyadhaa.
  14. Kallattii hiika murtaawaatiin barreeffamni holooloon dhihaate hundi ogbarruu barreeffamaati jechuun nidanda’amaa? Maaliif?
    3.2. Akaakuu Ogbarruu Barreeffamaa
    Ogbarruun barreeffamaa akkuma seensa keessatti tuqame, akaakuu lama qaba. Qoodamiinsi kuni akkaata ittiin qindaa’aniifi unkaa(form) irratti kan hundaa’edha. Unkaaleen kunneenis walaloofi hololoodha. Walaloon ogwalalookan bifa barreeffamaan amala muuziqaa qabaachuun bo’oon barreeffamu yoo ta’u, hololoon immoo bifa keeyyataatin kan qindaa’uudha.
    3.2.1. Ogwalaloo
    Kaayyoolee: kutaa kanaa
    Mata duree kana erga barattee booda :
     Maalummaa ogwalaloo ni ibsita
     Yaad hiddamoota ogwalaloo ni tarreesita
     Gosoota ogwalaloo ni tarreesita
     Amaloota ogwalaloo ni himta
     Fayidaa ogwalaloo ni addeesita
     Ogwalaloo barreessuun dareef (hiriyaa) keef ni dubbista.

Gocha- 3.2 . Gaaffiilee armaan gadii gareen irratti mari’adhaatii dareef dhiyeessaa.
1.Ogwalaloo jechuun maal jechuudha?
2.Fayidaan isaa hoo maali?
Ogwalaloo ilaalchisee beektonni adda addaa yaad hiddama adda addaa keennaniiru. Akka fakkeenyaatti, yaadhiddamoonni adda addaa afur armaan gaditti dhiyaatanii jiru. Isaanis:
I. Yaad Hiddamoota Akkeessaa (Mimetic Theories)
Yaad hiddamni akkeessaa, ogwalaloon yaada waloon walaloo isaa keessatti calaqqisiisuufi walaloon namaan qindaa’ee kan namaaf dhiyaatu ta’uu isaati jedhu. Yaad hiddeesitoota akkeessaa keessaa tokko kan ta’e Sooqiraaxes kitaaba pilaatoo kan “Pilato’s Republic” jedhamu keessatti, ogwalaloon akkeessa addunyaa kanaa kan daawwiitiisaa asiifi achi gaggaragalchuun addunyaa kana nuuf calaqqisisu, jechuun ibsa.
Yaad hiddaan pilaatoo jedhamu immoo, kitaaba isaa kan “pilato Republic” jedhamu keessatti akka ibsetti, qaamolee miraa keenyaan addunyaa dhugaa hubachuu ykn. irra ga’uu hin dandeenyu. Ogwalaloon akkeessa akkeessa dhugaa irraa tarkaanfii sadii fagaatu (…an imitation of imitation trice removed from the truth) jechuun kaa’aa. Kana malees, ogwalaloon kan ogummaafi beekumsa barbaachisu osoo hintaane, kan waloon kaka’umsaafi fedhii qabuun yammuu yaanni sammuu isaa guule qindeessudha jedha.
II. Yaad hiddamoota fiixa baasa (pragmatic theory).
Yaad hiddama kan ilaalchisee, Aristootil, ogwalaloon fedhii ilmi namaa uumamumaan addunyaa kana akkeessuudhaan qalbii dubbisaa/ dhaggeeffataa bashannansiisuu, barsiisuufi kakaasuun booji’uudha jedha.
III. Yaad Hiddamoota, Ibsa (expressive theories)
Yaad hiddamni ibsaa, ka’uumsi qabiyyee ogwalaloo waloo mataasaati jedha. Waanti nuti ogwalaloo keessaan agarruu addunyaa kana osoo hin taane yaada waloo ykn sammuun waloo akkaataa inni ittiin addunyaa kana hubatu kan calaqqisiisuudha jedhu. Akkasumas akkaataa addunya kana itti hubate baasee calaqqisiisuuf immoo, kennaa, ogummaafi dandeetti jechootaan of ibsuu qabaachuu qaba jedhu. Yaad hiddama ibsaas kan jedhameef kanuma irraa ka’uuni.
Yaad hiddaan ibsaa, “Wordisworzi” jedhamu, yaada kana yommuu ibsu, waloon tokko walaloo isaa ibsuuf yeroo baay’ee fudhatee itti yaaduu isa hinbarbaachisu; haalonni yommuu sammuu isaa quqquuqan/booji’an/ akkuma tasaa aluma tokko baasee ibsata jedha.
IV. Yaad hiddamoota of danda’aa (objective theories.)
Akka hayyoonni yaad hiddamoota of danda’aa ilaalanitti, waloon addunyaa of danda’aa addaa, addunyaa waaqni uumeen adda kan ta’e, uumee kan nutti agarsiisudha. Addunyaa inni uume sunis seera ittiin bulmaata mataa isaa qaba; dhugaan achi keessatti mul’atu sunis, dhugaa lafa kanarra jiruun addadha. Akka yaadiddama kanaatti, waloo of danda’aan nama fageessee yaaduufi nama waa uumee dhiyeessuu danda’u ta’uu qaba jedhu.
Gocha: 3.3. Gaaffilee armaan gadii gareen irratti mari’adhaatii hubannoo keessan dareef dhiyeessaa.

  1. Garaa garummaafi tokkummaa yaad-hiddamoota kanneen arfanii maal akka ta’e ibsaa.
  2. Akka garee keessaniitti yaad-hiddamoota kanneen keessaa isa kamtu sirrii isinitti fakkata? Maaliif? Ragaan deeggaraati ibsaa.
    3.2.1.1. Maalummaa ogwalaloo
    Ogwalaloon sanyiwwan ogbarruu barreeffamaa keessaa isa tokkoofi isa umurii dheeraa qabuudha. Ogwalaloo wanti adda isa taasisu jechoota filatamootti dhimma bahuu isaati. Akka Hayyuu Ogbarruu, S.T. Coleridge, ibsutti ogwalaloon jechoota filatamoo tartiiba mijaawaa ta’aniin teechisuun isaa kan baay’ee adda isa godhuudha jedha (what makes poetry very unique is that is used best words at their best orders)
    Hayyuuleen adda addaa yeroo garaagararaa keessatti maalummaa ogwalaloo ilaalchisee yaada adda addaa laataniru.
    Ogwalaloon barreeffamaa, dhalli namaa barreeffamaan waliigaluu erga eegaleen booda calqabame; afwalaloon damee afoolaa garuu isaan duraa afaaniin himamaa ykn dubbatamaa ture.
    Umrii dheeraa qabaachuun ogwalaloo, ogwalaloon hiikaawwan adda addaa akka qabaatu taasiseera. Kunis umurii isaa dheeraa kana keessatti hayyuuleen addaaddaa walaloowwan yeroo adda addaa keessa barreeffamanii turanirrattifi ilaalchoota yeroo adda addaa turan irratti hundaa’uun bifa adda addaatin hiikuuf yaalaniru.
    Dhimma kana ilaalchisee hayyuu ogbarruu kan ta’e Harii shaaww yommuu ibsu akkana jedha” ogwalaloon qabiyyee, uunkaafi kaayyoo adda addaa kan of keessatti hammatu waan ta’eef hiikaa namoonni marti irratti waaliif galan tokko kennuufiin nama rakkisa “jedha.
    Pileetoon (Dh.K.D’ 427) kan jiraate ogwalaloon yemmuu hiiku akkana jedha. Walaloodhaaf dandeetti kan kennuu waaqayyoodha jedhee amanaa ture. Namni waqayyo dandeetti kana eebbisee hinkennineef walaloo barreessuuf yaaluu hinqabu; waloon waan hawaasa keessatti hubate barreessa osoo hintaane waan waaqayyoo itti mul’ise barreessa.
    Aristootle (Dh.K.D394-322) kan jiraate, Yaada pileetoo hinamanu. Dandeettii walaloo barreessuu waloodhaaf kan kennuu waaqayyoo miti jedha. Waloon waan hawaasa naannoosaa keessatti rawwatame hubate barreessa. Waloon miira kakaasuu qofa osoo hintaane to’achuullee nidanda’a. Kanaan alas, akka yaada Aristootilitti, waloon tokko ogbarruu filatamaa uummataaf dhiyyeessuu yoo barbaade, dandeetti afaanii qabachuu qaba; sirna barreeffamaa beekuu qaba. Gochaafi nam-fakkiiwwan wasimsiisuu qaba jechuun kaa’a.
    Wiiliyaam Waardis ammo, ogwalaloo yoo hiiktu, ogwalaloon irra gata waan ciminan tasa nutti dhaga’amu tokkoti jetti (Spontaneaus over flow of powerful feelings).
    Eelisaabet Biishoop gama isheetin yemmuu hiiktu “Ogwalaloon gosa ogbarruu wantoota kumaa lamatti lakkaawwaman yeroo tokkotti bakka tokkotti fiduudha jechuun keessi. Kunis, kan nutti agarsiisu, ogwalaloon uunkaadhaan gabaabaaa ta’uusa; yaanni ogwalaloo fuula tokkorratti argannus, yaada ogbarruu gosa biroo keessatti fuula kudhanii olirratti argamuun akka qixa ta’u hubanna.
    Gocha 3.4
    F Ogwalaloo afaan Oromoo amma tokko walitti qabuun hiikaa ogbarruuf kenname keessaa ergaa bal’aafi uunkaa gabaabaa qabachuu isaa irratti mari’aadhaatti gareef dhiyeessaa. Fakkeenya:
    Gadaa Oromootu shan malee, Aadaan Oromoo shan miti
    Me kootta walii gallaa teenyee odaa jalatti.

Ergaa walaloo kanaa yommuu barreeffamaan ibsinu akka armaan gadii ibsamuu ni danda’ama.
Gadaan Oromoo akka shan ta’e, Oromoon akka rakkoosaa mariidhaan hiiku, Aadaan Oromoo tokko ta’ee osoo jiruu Ormoon walqooduu akka hinqabne. Bakki Oromoon itti marii geggeessu muka kabajaa Odaa jala ta’uu isaa.
Amaloota Ogwalaloo
Ogwalaloon amaloota adda addaa qaba. Amaloota ogwalaloo kanas bakka afuritti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis: Walqixxummaa, unata, yeedaloofi filannoo jechootaati
Gocha: 3.5. Gaaffilee armaan gadii gareedhaan irratti mari’adhaatii dareef dhiyeessaa.

  1. Walqixxummaa ogwalaloo jechuun maal akka ta’e mari’adhaa.
  2. Unata ogwalaloo jechuun hoo maal sitti fakkaata? Maaltu walunata?
  3. Barbaachisummaan yeedaloon ogwalaloo keesatti qabu maali?
  4. Jechoonni ogwalaloo keessatti dhimma itti baanu jechoota akkamiiti? Fakkeenyaa ibsi.
    A. Walqixxummaa
    Ogwalaloo tokko walqixxummaa qaba yemmuu jennu sararoonni tuuta walaloo (bo’oo walaloo) tokko keessa jiran walqixa dheeratu jedhuudha. kana jechuun yeroon ogwalaloo bo’oo tokkoffaa keessa jiru dubbisuuf nu barbaachisuufi yeroon ogwalaloo bo’oo lamaaffaa keessa jiru dubbisuuf nu barbaachisu walqixa jechuudha. Mee fakkeenya armaan gadii haa ilaallu.
    Irraan gadee kaatti qamaleen kootichaa
    Warrri waljaalate barbareef soogiddaa
    Irraangadee kaatti qamaleen hin kuftuu
    Boochee na boochiisti imimmaan koo hindhugduu.
    Walqixxummaan sararoota gidduu qofaa osoo hintaane bo’oowwan sararoota gidduuttis ni mul’ata. Bo’oo kan jedhamu garee jechootaa sarara tokko keessatti erga tokko afuura tokkoon dubbifamanidha. Mee fakkeenya armaan olitti kenname haa ilaallu.
    Irraangadee kaatti/qamaleen kootichaa
    A B
    Warri waljaalate/ barbareef soogiddaa
    A B
    Irraangadee kaatti/ qamaleen hinkuftuu
    A B
    Boochee na boochisti/ imimmaankoo hindhugduu.
    A B
    A=A kana jechuun sararoonni jalqaba “A” jedhamanii moggaafaman walqixa jechuudha Akkasumas B=B bo’oowwan ‘B’ jedhamanii Moggaafamanis walqixa Akkasumas A=B, yeroon jechoota ‘A’n moggafaman dubbisuuf barbaachisuufi yeroon jechoota ‘B’n moggaafaman dubbisuuf gargaaran walqixa jechuudha.
    F Sararoonni walaloo tokko keessa jiran walqixa ta’uusaanii akkamitti beekna?
    Ogwalaloon tokko walqixummaa qabaachuusaa gama lamaan beekuu nidandeenya. Kunis:
    I. Miirri keenya walaloon tokko walqixa ta’uufi ta’uu dhiisuu isaa nutti hima. Kunis walaloon tokko yoo walqixxummaa hinqabaanne walaloo san dubbisuufi dhaggeeffachuun namatti hintolu; ittis hingammannuu. Kanaaf, walaloon walqixxummaa hinqabne:
     Dubbisuuf nama rakkisa
     Dhageettii gurraatti hintolu
     Miira namaa hinkakaasu,
     Mijaa’ina hinqabu.
    II. Tooftaa inni lammaaffaan ammo birsaga jechoota sarara walaloo tokko keessa jiran lakkaa’uun beekuudha. Mee fakkeenya unata ogwalaloo jalatti keennaman yaa ilaallu.

B. Unata ogwalaloo (Rhyme)
Unta jechuun isa Afaan Ingiliziitiin “Rhyme’ jedhamu ta’ee jechootaa walakkaafi xumura bo’ootti sagalee walfakkaatuun xumurudha . Unanni ogwalaloo walqixxummaadhaan walitti hidhatee jirudha. Ogwalaloon akka unata qabaatuuf haalli dursee mijaa’uu qabu walqixxummaadha.
Fkn Harmee luuccaa daggalaa /akka muujjaa balbalaa
Harmee koo harma dacha/ si dhalee na badachaa
Walaloo kana keessatti bo’oowwan jalqabaa sarara lamaanituu birsagoota torba, torba qabu. Bo’oowwan lammaaffaanis akkasuma birsagoota torba, torba qabu. Sararoonni lamaanuu walqixxumaa qabu. Sararoonni lamaanuu sagalee tokkoon xumuramu jechoonni sararoonni kun ittiin xummuraman birsagoota walqixa birsagoota sadi sadii qabu.

Fkn: balbalaa bal-ba-laa
badachaa ba-da-chaa
C. Yeedaloo
Yeedaloon sagalee muuziqaa walaloo keessaa dhaga’amudha. Ogwalaloon barreeffamaa akka barreeffama birootti hindubbatamu. Ogwalaloon yemmuu dubbatamu haala nama mararuun (sagalee ofitti nama harkisuun) dubbifama. Ogwalaloon bifa miidhagaafi ofitti nama hawwatuun waan dhiyaatuuf jechoonni filataman dhaamsaafi yeedaloo akka uumanitti waan qophaa’uuf seerluga afaanii eeguu dhisuu mala. Haalli kun immoo mirga waloo jedhamuun beekama.Yeedaloo kan jedhamus isuma kanadha. Haa ta’u malee, ogwalaloon tokko yeedaloo qabaachuuf: duraan dursee amala walqixxummaa qabaachuu qaba; rukkuttaa manaa qabaachuun bu’uura.
D. Filannoo jechootaa
Jechi bakka bu’aa muuxxannoo dhala namaati. Kana jechuun jechi tokko waanta dhalli namaa jiruufi jireenya keessatti keessa darbe ni’ibsa jechuudha. Waloon walaloo isaa keessatti jechhootya itti fayyadamuu filatamoo kan waan waloon walaloo isaa keessatti ibse dhaggeeffataa dubbisaa sammuu keessatti suuraa kaasu/ergaa/ ifa dabarsuu danda’utti fayyadama jechuudha.
Fakkeenya, jecha “bareedaa /bareedduudha” jechuurra “iliilii dhuma birraatti” yoo jenne ergaa ifa gochuurra darbee miira dubbisaa si’eessa. Kan jechuun jechoota hawaasa keessatti waan ittiin bakka bu’amanii ibsaman qaban itti yoo fayyadame sammuu dubbisaa/dhaggeeffaataa keessatti waa’ee walalichaa suuraa kaasuu danda’a. Filannoo jechoota keessatti immoo iddoo alaanaa kan qabu dubbii qolaati. Mee fakkeenya armaan gaditti dhihaate keessatti itti fayyadama jechoota ogwaloo hubadhu.
“… Akka ija boqqolloo hunduu tooraa galee
Gabbataa fufurdaa tuullaa tulluu koontoo
Fayyabuleessa akka warra obboo Caattoo
Huqqataa akka qoorbii kan mangaagaan batoo
Kaan funyaan gabaabaa kaan konkonni qottoo
Looshaa mormi lawwee, dheeraa mataa faaxuu
Gabaabdu dinsiree buchumee wal lixxuu
Bifa cululuqtuu akka killoo beeraa
Bifa saakachooftuu akka hammaartuu daara
(Madda: Ogwalaloo Zalaalam Abarraa waraabbii sagalee Irraa)

Gocha 3.6. yaaduu-cimdeessuu-qooduu
Ogwalaloo filannoo jechootaa jalatti akka fakkeenyatti dhiyaate fudhachuun walalichi walqixxummaafi unataa qabachuufi dhabuu isaa gareen irratti mari’adha. Akkasumas itti fayyadama jechootaa isaas kan akkamii akka ta’e irratti mari’adhaatii dareef dhiyeessaa.
3.3.2. Asoosama Dhangala’aa
Maalummaa Asoosama Dhangala’aa
Gocha: 3.7. Yaaduu- cimdeessuu-qooduu
Muuxannoo qabdurraa ka’uudhaan yaadota armaan gadii xiinxali. Yaada irra geesse kaadhimamaa barsiisaa/tu sibira jiru/tuuf qoodi. Waan irratti waliigaltaniifi yaada adda addummaa irratti qabaattan garee akkuma keessan cimdiin mariyateef ibsaa. Cuunfaa yaada afran keessanii dareef dhiheessaa.

  1. “Asoosama” yoo jedhamu maal hubatta?
  2. “Dhangala’aa” yoo jedhamu hoo?
  3. Jechoonni lamaan yoo waliin ta’an, Asoosama Dhangala’aan, hiika maal jedhuu qabaachuu danda’a? Tilmaama kee lafa kaa’i.
    Maalummaa Asoosama Dhangala’aa ibsuudhaaf, jechoota irraa moggafame gargar baasuun laalurraa ka’uun nidanda’ama. Haala kana akka armaan gaditti salphisanii kaa’uun nidanda’ama.
    Asoosama (Fiction) jechuun sammuu nama tokkootin kan uumame, qabatamaan kan hinraawwatamne, garuu hawaasa tokkoo keessatti bakkaafi yeroo murtaaye keessatti ta’iinsa raawwatamuu danda’uudha.
    Dhangala’aa (Prose) jedhamu immoo, hololoodhaan kan dhihaatuudha. Dhihaannaan kun, yeedaloo cimaa qabaatuuf yaadamee barreeffama sarara gaggabaabaatiin kan dhihaatu kan hin taaneedha; bifa walalootiin kan hindhihaanneedha (mata duree “Lecture 2” jedhuun intarneetirratti kan dhihaate)
    Gocha: 3.8. Yaaduu Cimdeessuu – qooduu
  4. Ibsa armaan oliirraa ka’uudhaan “Asoosama Dhangala’aa”dhaaf hiika dhuunfaa keetii kenni.
  5. Hiika dhuunfadhaan itti kennite kan hiriyaa kee wajjin walbira qabuun ilaali. Qabxii irratti walii galtaniifi adda addumaan yaadaa irratti uumame addaan baasudhaan dareef gabaasi.
    Asoosama dangala’aadhaaf hiika murtaawaa kennuun rakkisaadha. Sababni isaa, asoosama dhangala’aadhaaf hiika kennuuf hayyuuleen adda addaa kallatti dirree qu’annaa isaanitiin waan ilaalaniif akka ta’e ibsama (Project 17000, Hidhaa 1ffaa; Zarihun Asfaw 1998:152). Haata’u malee, Asoosama Dhangala’aadhaaf hiika tajaajilaa kennuun barbaachisaadha. Ka’uumsuma kanaan hiika tajajilaa gabaabaa armaan gadii kennuun nidada’ama.
    Hiikni asoosamaaf kennamu sababa hayyoonni garaagarummaa, “. . . gosa asoosama qoratanii, dhimma ibsuu barbaadan, kaayyoo qorannaa saanii, amalaafi kallattii qorannaa isaanii irratti waan hundaa’ee. . . ” (Asoosama Dhangala’aa Hidhaa 1ffaa,2001:5) qabaniif adda adda ta’uu danda’eera.

3.3.2.1. Gosoota Asoosama Dhangala’aa
Gocha 3.9.:

  1. Asoosama dhangala’aa jalatti ramadamuu danda’u jettee kan yaaddu tarreessitii, kaan hiriyaa keetii wajjin walbira qabuun laali.
  2. Qabxii irratti walii galtanii fi adda addumaan yaadaa irratti uumame addaan baasudhaan dareef gabaasi.
  3. Asoosama Dhangala’aa akaakuu adda addaatti qooduuf ulaagaan fayyadamte maali? Ibsi.
    A. Asoosama Dheeraa
    Armaan dura ogbarruun ogbarruu barreeffamaafi ogafaan akka hammatu illaaltee jirta. Bu’uuruma kanaan asoosamni dheeraan damee ogbarruu barreeffamaa keessaa isa tokko ta’uun isaas heeramera. Kutaa kana keessattis maalummaafi ibsoota gadifagoo asoosama dheeratu dhiyaate.

Gocha: 3.10 Gaaffilee Armaan Gadii Dhuunfaan Deebisi.

  1. Asoosama dheeraa yoo jedhamu maal hubatta?
  2. Asoosama gabaabaa yoo jedhamu dhageesseetta taanaan adda addummaan lamaanii maali jetta?. Yaada kee nama sibira jiruuf qoodi.
    Asoosama dheeraan akkuma maqaan isaa ibsu barreefama hojii kalaqaa bal’aadha. Bal’aadha yoo jedhamu jiruufi jireenya hawaasa tokkoo bal’inaan ibsuu kan danda’uudha. Waan bal’inaan ibsuufis, qooddattoota hedduu hirmaachisuu danda’a. Kana waan ta’eef, asoosama dheera kana jedhani hiika hundi irratti waliigalu kennuun rakkisaadha (Zarihun Asfaw 1998:152).
    Sababa waliigaltee tokkorra gahuun dhabameef, maddi raga armaan olitti eeramee kun yoo ibsu, xiinxala ogbarruuf kennaniifi dirreen qo’annaa isaanii adda adda waan ta’eef, hiika hundi irratti waliigalu kennuun hindanda’amne yaada jedhuun ibsa. Kana waan ta’eef, maalummaa asoosama dheeraa gabaabsanii kaa’uuf yaalurra, gama caacculee isaatiin ibsuun akka salphatu ibsama.
    Caaccuulee Asoosama Dheera
    Caaccuulee asoosama dheeraa kanneen jedhaman asoosamoota dhangala’aa kamiifuu ta’uu kan danda’amiidha. Isaanis, jaargocha, qooddattoota, walatti bu’iinsa, yoomessa, ergaa ijoofi ija. Caaccuuleen kunneen asoosama tokko asoosama taasisuudhaaf qaamota murteessoodha. Qaamonni murteessoon kun ibsuuf akka mijatuuf maqaadhaan gargar ba’anii yaa eeraman malee, tajaajilaan yookiin barbaachisummaadhaan kan walhincaalleefi asoosama keessaa hafuu kan hindandeenyeedha. Caaccuulee kunneen walta’iinsaan asoosama tokko asoosama taasisu.
    Walta’iinsi isaanii immoo, asoosama keessatti bakki adda addatti qoodameefii osoo hinta’in tokko yoo waamamu caaccuun birootis waliin howwaachuun isaa hinhafu. Kanaafuu, addaan ba’anii bakka adda addaatti kan argaman miti. Waayee qooddattootaata dubbatama yoota’e, ta’iinsi ka’uun isaa hinhafu. Ta’iinsi ni’eerama taanan immoo, eenyuun raawwatame? Eessatti raawwatame? Yoom raawwatame? Sababa maalitiif raawwatame? Gaaffileen jedhaniifi gaafiileen biroo ka’uun isaanii hinhafu. Deebiin gaaffilee kanneenif kennamu immoo, caaccuulee kanneen ta’uun ifa galaadha. Kanaafuu, addaan bahuu kan hindandeenye ta’uun isaanii hubachuun barbaachisaadha.
    Walta’iinsi caaccuulee asoosamaa akkuma jirutti ta’ee milkaa’ina asoosamichaaf shoorrifi ga’uumsi asooseen qabu murteessadha. Asoosessaan caaccuulee asoosamaa ga’uumsaan waliin qindeessee dhiheessuutu asoosamicha ga’umsa gonfachiisa. Waliin qindaa’uufi tokko yoo tuqame kan biroo socho’uun akkuma jirutti ta’ee, ibsuuf, akka mijatu caaccuulee asoosama dheeraa akka armaan gaditti tartiibaan dhiheesudhaan maalummaan isaanii akka hubatamu gochuuf yaalameera.
    I. Seenaa (Story)
    Asooseeen ergaa tokko dabarsuuf seenaa hawaasa tokko keessatti raawwatamuu danda’u himuu qabaata. Seenaan ijaarame kun namni dubbise itti gammadee ykn itti gaddee osoo waan isa mudate namatti himi jedhamee, “akkana ta’e, itti aansee kan ta’e” jechuudhaan walitti aansee kan himuu dana’utu seenaa jedhama. Waan walitti aanee himamuufi waan hawaasa tokko keessatti ta’uu danda’u kana ijaarudhaan ergaa ijoo dabarsuu danda’a.
    Gocha: 3.11. Yaaduu – Cimdeessuu- Qooduu
  3. Jireenya kee keessatti mudannoo hindagatamu jettee yaaddu yaadadhuutii hiriyaa keetti himi.
  4. Waan itti himtetti hiriyaan kee nigadde/te moo nigammad/de? Waan isa/hee gammachiise ykn gaddisiisee gaafadhu.
  5. Asoosama Afaan Oromoo tanaan dura dubbistee beektu jiraa? Dubbisteerta yoo ta’e, waayee maalii akka ta’e hiriyaa keetti himi.
  6. Ta’iinsa asoosamicha keessaa walduraa duuban hiriyaa keetti himi. Yoo hiriyaa keetti himtu, jechoota akkana ta’e, sana booda, itti aanseefi kkf itti fayyadamtee?
    Gaaffilee armaan oliitiif deebiin kennamu marti seenaa wajjin walqabata. Kanaafuu, asoosama tokko barreessuuf wantoota murteessoofi hafuu hindandeenye keessaa tokko seenaadha.
    II. Qooddattoota (characters)
    Gocha: 3.12. Maalummaa qooddattootaa hubachuudhaaf gaafilee armaan gadiitiif deebii kennuuf yaali. Yaalii keetiifi kan hiriyaa keetii walbira qabuudhaan xiinxali.
  7. Jecha qooddattoota/nam-fakkii jedhu armaan dura akkamitti beekta turte? Hubannoo kee jecha mataa keetiitin ibsi.
  8. Jechi qooddataa jedhu nama qofaa bakka bu’a jettee yaaddaa? Maaliif?
  9. Namaan ala hammachuu danda’a jettee amanta taanaan, maalfaa ta’uu danda’u?
  10. Asoosama keessatti gaheen qooddattootaa maal ta’uu danda’a?
  11. Asoosama afaan kaminiyyuu barreeffamee dubbistee beektuu keessatti waa’ee eenyufaatu seeneffame?
  12. Mee sheekoo beektu tokko daree keetti himi. Sheekoo kana keessatti qooda fudhattonniu ni’argamuu?
  13. Qaama sheekoo keessatti gocha raawwate kanaan qooddataa/toota jechuu dandeenyaa? Maaliif?
    Qooddattoonni, namootaafi wantoota asoosedhan seenaa tokko keessatti akka qooda qabaatan uumamaniidha. Namoonni asoosama keessaa kun, namoota foon uffatanii dacheerra / addunyaa dhugaarra jiran kan fakkaataniidha. Akkuma namoota jiruufi jireenya keessatti beeknuu kan kaayyoofi fedhii dhunfaa qabaniidha. Kanaaf, qooddattoonni namoota asoosama keessatti, garee hawaasaa murtaawaa tokko bakka bu’uudhaan waan hawaasa tokko keessatti yeroo murtaawaa tokko keessatti mul’achuu danda’u kan mul’isaniidha ykn raawwataniidha.
    Asoosama tokko keessatti maqaan moggaafamanii amaloota adda addaa gonfatanii waantoota namoonni jiruufi jireenya dhugaa raawwatan kan dalaguu danda’aniidha. Kana jechuun, akkuma namoota dhugaan addunyaa kanarra jiranii nyaachuu, dhuguu, gammaduu yookiin gadduu kanneen danda’aniidha. As irratti, wanti hubachuu nu barbaachisu tokko asoosama keessatti nam-fakkiwwan addunyaa kana keessatti kan dhugaan jiran osoo hintaanee, asooseen yaada ykn ergaa isaa haala ifa ta’een dabarfachuuf akka itti toluuf jecha dandeettii, muuxannoofi addunyaa argaa yaadaa fayyadamuudhaan dhugaa hawaasa tokko keessatti bakka murtaawaafi yeroo murtaawaa keessatti mul’achuu danda’u bakka buusuudhaaf kan itti fayyadamuudha. Kana yoo jedhamu namoota qofaa osoo hinta’in wantoonni seeneffamaan dhihaatu tokko keessatti jiruufi jireenya namaa wajjin walqabatanii gahee qaban marti qooddattoota keessatti hammatamu. Fakkenyaaf, Gorsituu, Amansiisaa, Abdii, seenxii, biqiltoota, mana fincaaniifi kkf “Suuraa Abdii” keessatti kan argaman kaasuun nidanda’ama.
    Gocha: 3.13. Kitaaba Asoosamaa tokko dubbisiitii ykn kan armaan dura dubbiste yaadadhuutii gaaffiilee armaan gadii deebisi.
  14. Qooddattoonni eenyu akka ta’an daree keetiif gabaasi.
  15. Qooddattoonni kunneen wanti isaan raawwataniifi dubbatan kan namoota dhugaan beektuu wajjiin walfakkaataa?
  16. Qooddattoonni maqaa isaanii eerte kun gahee asoosamicha keessatti qabaniin adda addummaa qabuu? Adda addumma isaanii dareef gabaasi.
  17. Qooddattoonni asoosama dubbifte keessatti argaman kunniin kan dhuguma addunyaa kana keessa lubbuun turan yookiin jiran waliin garaagarummaa niqabuu?
    Qooddattoonni gahee asoosamicha keessatti taphatanirratti hundaa’uudhaan bakka lamatti qoodamuu nidanda’u. Qooddattoota ijoo/ marsaa (protagonist)fi qooddattoota gargaartuu diriiraa (antagonist) jedhamuun beekamu.
    Gocha:3.14. Hubannoo gosoota qooddattootaarratti qabdu cimsachuuf akkaataa leenjisaan/tuun kee/keessan si/isin qajeelchuun/tuun gocha armaan gadii hojjadhu/dhaa.
  18. Qooddattoota ijoo yoo jedhamu maal jechuudha?
  19. Qooddattoota gargaartuun hoo? Gosoota lamaanifuu fakkeenya kan ta’uu danda’an asoosama dubbiste keessaa eerudhaan yaada kee fakkeenyaan deeggari.
    III. Yoomessa (setting)
    Gocha: 3.15. Gaafilee armaan gadii gareedhaa erga irratti mari’attanii booda deebii keessan garee biraatiin wal bira qabuun of madaalaa.
  20. Jechi “yoomessa” jedhu jechoota meeqarraa uumame?
  21. Jechoonni akkanatti uumamaan maal jedhamu?
  22. Jechoonni, jechi “yoomessa”jedhu irraa uumame, tokko tokkoon isaanii maal maal ibsu?
  23. Asoosama keessatti faayidaan yoomessi qabu maali?
    Jechi yoomessa jedhu jecha tishooti. Jechoota “yoom” fi “eessa” jedhamanirraa uumame. Jechi kun asoosama keessatti bakkaafi yeroo seenaan/ta’iinsi tokko itti raawwatame ibsuuf tajaajila. Ibsi kun, asoosedhaan kallattiidhumaan “bakka akkasi,” “yeroo akkasii” jedhame dhihaachuu danda’a. Fakkeenya asoosama “Suuraa Abdii” keessatti bakki hojii Amansiisaa Gurmuu Finfinnee bakka Beellaa jedhamu akka ta’e ifatti dhihaateera. Wayita Finfinnee dhiisee deemu, galgalaa’uu yeroofi bakka ga’e, ifatti yoo himu, “Bishooftuu yoo geenyu, sa’aatii tokkoofi walakkaa ta’eera” jechuudhaan kan dhihaaterraa, fayyadamni yoomessaa ifatti himamuu isaa hubachuun nidanda’ama.
    Yoomessi ifatti kan himamu qofaa miti. Yoomessi, uffannaa, haala itti of faayessanii fi kkfn dhiheessuun nidanda’ama. Fakkeenyaaf, “Uffata natti hoo’a jedhu uffatee, soofarra taa’ee, jireenya isaa durii kan rooba keessa gasaa uffatee loon dachaasu hundaa yaadatee kan har’aa wajjin walbira qabuudhaan xiinxaluu, yaadan waan badeef, iyyi soraa qorqoorroo mana jireenyaa isaa itti hin dhagahamne,” ibsi jedhu kun, alkallattiidhaan yoomessa kan ibsuudha.
    Gocha: 3.16. Yaada fakkeenyaaf dhihaate kan Armaan olii xiinxaluudhaan, gaaffilee
    armaan gaditiif deebii dhuunfaa keetii kenni. Deebii keetiifi kan hiriyoot keetii
    walbira qabuun madaali.
  24. Kan fakkeenyaaf dhihaate kun, yeroon isaa yoomi?
  25. Bakki isaa hoo eessa jechuun danda’ama?
  26. Bakki qooddataan dur jiraatu eessa ture? Maaliin beekte?
    Deebiin gaaffilee armaan oliitiif kennitu yoomessa wajjin kan walqabateedha. Ibsa armaan olitti dhihaateefi gaaffilee armaan oliitiif deebii kennuu keessatti hubannoo argatte bu’ura godhachuudhaan gaffilee armaan gaditis deebisuuf yaali.
    Gocha: 3.17. Gaffilee armaan gadii barreeffamaan deebisi. Deebiin kee waan gaafatamee ta’uufi dhiisuu isaarratti hiriyaa kee waliin madaali. Waan irra geessan dareef gabaasaa.
  27. Hima yeroo ibsu shan barreessi.
  28. Hima iddoo agarsiisuu shan barreesuudhaan walii mirkaneessaa. Waan cimdiidhaan irratti walii galuu dadhabdan, cimdii biro wajjin irratti mariyadhaa. Waan irra geessan dareef gabaasaa.
    Akkuma qabxiiwwan armaan olitti ibsamaniifi gaaffilee deebsuuf yaaltanirraa hubachuun danda’amutti, caaccuulee asoosamaa keessaa yoomessi qooddattoonni asoosama tokko keessatti argaman, akkuma namoota lubbuudhaan addunyaa kanarra jiraatannitti, bakkaafi yeroo gocha itti raawwataniidha. Akkuma namni jiruufi jireenya dhugaa keessatti gocha raawwatuuf bakkaafi yroon isa/ishee barbaachisu qooddattoota asoosamaatifis bakkiifi yeroo murtaawaan isaan barbaachisa. Kanaafuu, yeroofi bakki qooddattoonni kun keessa jiraataniifi gocha itti raawwatan yoomeessa jedhama.
    Asoosama keessatti yoomessi wantoota heddu of keessatti hammata. Fakkeenyaaf: bakka’ yoo fudhanne, naannoo magaalaa ykn baadiyyaa yoo ta’e, wantoota naannoolee kanniin keessatti argaman hunda mul’isa. Gara yerootiin immoo, naannoo murtaawaa keessatti baraaf yeroo qooddattoonni asoosamichaa itti kalqaman irratti hundaa’ee, seenaan hawaasaa, bifni siyaasaa, sadarkaan dinagdee, akkaataan jireenya hawaasaafi aadaan hawaasaa, akkasumas, galgalli, dukkanni, aduun, roobni, kkf kan keessatti argamniidha. Walumaa galatti, yoomessi (setting) yeroofi iddoo seenaan asoosamicha keessatti argamu ittiin ibsamuudha.
    Gocha: 3.18. Asoosma Afaan Oromoo tokko barbaadaatii dubbisaa. Asoosama dubbiftan bu’uura godhachuun gaaffilee armaan gadiitiiif gareen deebii keessan barreeffamaan dareef dhiyeessaa.
  29. Seenaan asoosamichaa maali? Gabaabbate barreeffamaan haadhihaatu.
  30. Dhugaa jireenya hawaasa ati keessa jiraattu mul’isaa? Akkamitti?
  31. Gochi/oonni qooddattootaan raawwate/aman bara kam keessa dalagame/an sinitti fakkaata? Maaliif kana jettani?
    IV. Jaargocha (Plot)
    Akkuma mata duree “seenaa” jedhu jalatti ibsameetti, seenaan ta’insoota tartiiba eganii walduraa duuba dhufan dhiyeessa. Namni seenaa dhangala’aa tokko dubbisus ta’insoota walitti aananii dhufan addaan baasuun, ta’iinsa gara fuuladuraa jiru baruuf gaaffii “ Sanaan booda hoo?” jedhu sammuutti uumuudhaan kan itti aanu beekudhaaf deema. Bu’aa ta’iinsichaa bira yoo gahu “uffee” jedha.
    Adeemsa kana dhugoomsuuf asooseen ta’iinsootaafi gochoota akkasumaan walitti hindabalu/tu yookiin tokko tokkotti aansee/tee hin fid/du? Kana fiduufis “sababa” irratti hundaawuudhaan yaanni tokko isa kan itti aanu waliin akka calleewwaniitti tarree galachuun walitti diree/tee dubbisaaf dhiyeessuu qaba/di. Akka hayyuu E.M.Fooster ibsutti, kun yoo raawwatame seenaan asoosama tokkoo dubbisaanii akkas ta’e achiin booda immoo, kana ta’e akkasitti xumuramee jechuun nama hindhibu. Kanaafuu, jaargochi ijaarsa gochootaa ta’ee, kan asooseen walitti bu’iinsa sababaaf bu’aa bu’ureeffachuun deemee, deemee, sadarkaa iciitii tokko saaxila baasu yookin bu’aa tokko irra gahuu danda’uudha.
    Walitti bu’iinsiifi bu’aan isaa jaargocha tokkoof hedduu barbaachisaadha. Walitti bu’iinsifi bu’aaleen qooddattoonni (keessumattuu qooddattoonni ol’aanoon (main characters), namummaa, ijjannoo, ilaalchi qabaatanii addunyaa asoosamaa keessa galan, sababaafi bu’aadhan kan walitti hidhame ta’uu qaba. Walitti hidhamiinsi kunneen hundi walta’anii jaargocha agarsiisuu.
    Gocha: 3.19 Gaafilee armaan gadiitiif hiriiyaa kee waliin erga mari’attanii booda deebii keessan dareef gabaasaa.
  32. Asoosama tokko keessatti tokkumaafi garaagarummaa seenaafi jaargochaa maali?
  33. Jaargocha asoosama dheeraa tokkoo addaan basanii kaa’uuf, qabxiileen bu’uura ta’an maal maal faadha?
  34. Jaargochi asoosama tokkoo, akkamitti dhiyaachuu qaba?
    V. Walitti bu’iinsa/ Waldiddaa (conflict)
    Gocha: 3.20. Muuxannoo armaan dura qabdurraa ka’uudhaan yaadota armaan gadii ibsi. Ibsa dhuunfaa keetiifi kan nama biroo walbira qabuun xiinxalaa. Waan irra geessan qabadhaatii garee walfakkaataa biroo wajjin marii garee lamaanii waliin madaalaa. Bu’aa marii keessanii dareef ibasaa.
  35. Walitti bu’iinsi maali?
  36. Walitti bu’iinsi jiruufi jireenya keessatti faayidaa qabaa? Maaliif?
  37. Walitti bu’iinsi asoosama wajjin walqabatee yoo ilaalamu maal jechuu ta’a jettee yaadda?
    Asoosama keessatti wantoota barbaachisoodha; jedhaman keessaa tokko walitti bu’iinsa. Walittii bu’iinsi qalbii dubbistootaa hawwachuudhaan asoosamni tokko akka fedhiidhaan dubbifamu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qaamni gahee olaanaa qabu kun, sammuu namoota dubbisanii keessatti gaaffilee, “maaltu ta’inna, rakkinni uumame akkamitti furmaata argata, bu’aan isaa maal fidinna?”fi kkf uumudhaan deebii argachuuf fedhiidhaan akka dubbifamu kan taasisuufi asoosamichi akka fulduratti tarkaanfatu godha.
    Qaamni barbaachisaan kun, “barbaachisaadha” waan jedhameef qofa uumuuf kan yaalamu ta’uu hinqabu. Inumaa ergaa dabarsuu barbaadameef akkaataa gumaachuu danda’uun kan qindaa’e ta’uu qaba. Kana yoo jedhamu, jaargocha asoosamichaa (walitti hidhamiinsa sababaafi bu’aa) tiif kan gumaachuufi amanamummaa kan qabu ta’uu qabaata.
    Walitti bu’iinsi kan namni of waliini, namni nama waliini, namni uumama waliin, namni wantoota waliiniifi kkf waliin kan uumu ta’uu danda’a.
    Walitti bu’iinsi ofiinii kan jedhamu waan tokko murteessuuf waldhaansoo qooddattoonni yaada dhuunfaa isaanii lamaafi sanaa ol keessa seenaniidha. Fakkeenyaaf asoosama “Suuraa Abdii”jedhu keessatti, Amansiisaa Gurmuu, gocha ajjechaa raawwachuufi dhiisurratti murteessuuf dhiphinni keessa seene walitti bu’iinsa ofiitiif fakkeenya ta’a. Walitti bu’iinsi itti gaafatamaan bulchiisa humna namaa waajjira Amansiisaa Gurmuu keessatti mindeeffameefi Amansiisaa Gurmuu gidduutti uumame walitti bu’iinsa namoota gidduutti uumamuuf fakkeenya nita’a. Asoosama Taaddasaa Liibaniin barraa’ee gara Afaan Oromootti hiikame keessatti walitti bu’iinsi haadhaafi ilma jidduutti uumame, walitti bu’iinsa aadaatiif fakkeenya nita’a.
    Gocha: 3.21. Asoosama dheeraa Afaan Oromootiin barraa’e tokko dhubbisuudhaan, yaadota armaan gadii ibsi.
  38. Akaakuwwan walitti bu’iinsaa asoosamicha keessaa maal maali? Akaakuu jette jalatti ramadamuu isaatiif ragaan dhihaatu maali?
  39. Walitti bu’insichaaf ka’uumsi mali?
  40. Walitti bu’insichi guddataa kan deemeedhaa?
  41. Walitti bu’iinsi uumame amanamaadhaa?
    Walitti bu’iinsi ka’uumsa, guddataa deemuudhaan quuxii (climax) irra gaha. Kanaan booda gara furamaataatti bifa deemuu danda’uun kan ijaaramuudha.
    VI. Dhaamsa/ergaa ijoo (The central theme)
    Namni tokko asooasama yoo barreessu dhimma dabarsuu barbaade qabaata. Dubbistoonni immoo, asoosama tokko wayita dubbisanii xumuran waan hubatan ykn “Barreessaan kun ergaa akkasiit dabarse” waan jedhan qabaatu. Kanarra ga’uudhaaf immoo, dubbistoonni waan addunyaa dhugaa keessatti arganiifi yaada asoosamicha keessatti dhiyaate walbira qabanii waanti hubatan waan jiruufi. Qabxii dubbistoonni dhugaa jiruufi jireenyaa wajjin walqabsiisanii hubatantu erga/dhaamsa asoosamaati jedhama. Barreessitoonnis, wayita barreessan kaayyoon isaanii dhugaa sammuu isaanii keessa deddeebi’uufi hawaasa tokko keessatti raawatamuu danda’u dabarsuudhaafi.
    Dhugaan hawaasa keessa jiruufi sammuu namaatiin qindaa’ee deebi’ee hawaasichaaf dhihaatu dhaamsa wiirtuu/ergaa ijoo asoosamichaati. Eergaa dabarsuudhaaf immoo, barreessitoonni; jechoota filatamoo, qooddattoota garee hawaasa murtaa’e bakka bu’an, bakkaafi yeroo murtaa’e keessatti gocha raawwachuudhaan abbaa seenaa ta’an waliin qindeessudhaan ta’a. Haala kanaan kan qindaa’u, kan dubbisuudhaan, akka ilaalcha addunyaa tanaaf qabaniifi muxannoo jiruufi jireenyaarraatti hundaa’udhaan hiikni barreeffama kalaqaatiif kennamu ergaa barreeffamichaa jedhama.
    Dhaamsi asoosamaa kun bakka lamatti qoodamuu danda’a: ergaa ijoofi ergaa xiqqaa. Ergaa ijoo inni jedhamu ergaa cuunfama walii gala yoo ta’u, ergaa xiqqaan immoo, ergaa ijoo cimsuuf seenaawwan asoosamicha keessatti raawwatamanirraa kan madduudha. Kana yoo jedhamu tokko tokkoon isaanii gargara ba’anii addatti argamu jechuu miti.
    Asoosama tokko keessatti dhaamsi ijoon isaan xixiqqoo ta’an irraa adda ta’ee dhiyaachuu hindanda’u. Kana jechuun dhaamsi xixiqqaan isa dhaamsa ijoo ta’e keessatti hammatamee ergaa ijoo sana kan cimsuudha jechuudha. Kanaafuu, dhaamsi ijoon kan himoota muraasaan ibsamuu danda’uufi asoosamichi dubbifamee erga xumurameen booda kan irra gahamuudha.
    Fakkeenyaaf, dhaamsi asoosama’ Godaanisaa’ jedhu mudannoo bu’aa ce’ii jiruufi jireenya ilma namaa keessatti nama qunnamuu danda’an kan ibsu yoo ta’u, ergaaleen xixinnaa asoosamichaa keessatti dhufan., jiruufi jireenya namfakki ‘Kulanii’ keessatti miidhawwan hammana hinjedhamne isheerra gahaniidha.
    Kanaafuu, dhaamsi ijoon asoosama “Godaanisa” jedhuu, namni tokko jiruufi jireenya isaa keessatti bu’aa ce’iin isa qunnamu; obsa, abdii, ijjannoo, qabaachuun bira darbuu akka danda’u ibsa.
    Gocha: 3.22. Hojii garee
    Asoosama dheeraa tokko filachuudhaan 1:5n erga dubbistanii booda, yaadota armaan gadiitiif deebii kennaa. Deebii kennuudhaaf seenaan asoosama dubbistanii gabaabinaan dhihaachuu qaba.
  42. Dhaamsi ijoo asoosamichaa maali?
  43. Dhaamsii xixiiqqaan asosamichaa maal fa’i?
  44. Dhaamsa ijoo asoosamichaa bakka murtaawaadhaa argachuu dandeessanii? Maaliif?
  45. Ergaa ijoon asoosamichaa meeqa?
  46. Ergaa xixiqqoon asoosamichaa meeqa ta’uu danda’u?
  47. Ergaa/dhaamsi xixiqqaan ijoodhaaf wanti gumaache maali? Ibsaa.
    VII. Ija (Point of view)
    Ija yoo jedhamu kallattii seenaan tokko itti seeneffamu kan mul’isu ykn akkaataa asooseen seenaa asoosamichaa ittiin dhiheessudha. Akkaatan dhiyaannaa seenaa asoosamaa kun bakka afuritti aka qoodamu hayyoonni baay’een irratti waliigalu. Isaanis:

F Ija qabatamaa (Objective point of view)
F Ija ramaddii 3ffaa (Third person point of view)
F Ija ramaddii 1ffaa (first person point of view)
F Hunda beekkaafi (Omniscient)fi hamma tokko beekaa (limited Omniscient point of view) jedhamuun beekamu.
Ija qabatamaan: gosa ijaa kan asoosessaan waayee seenaa asoosamicha carraa waan tokkollee ibsuu keessatti hinqabneedha. Waan qooddattoonni raawwataniifi dubbatanirraa waayeen seena asoosamicha keessa jiruu hubatama. Barreessan asoosamiichaa karaa kamiinuu waan qoddattoonni yaadan ykn itti dhagahamu hinibsu. Nama ala taa’ee hordofu ta’a. Dubbistoonni asoosamaa sochiifi jecha qooddattootaarraa ergaa hubatu. Ija akka diraamawaas jedhamuun nibeekama. Ijji kun qooddattootaafi dubbistoota walitti dhiheessa. Sababni isaa, dubbistoonni gochaafi jecha qooddattootaarra maalummaafi amala isaanii adda baasu waan ta’eefi. Akkuma namoota jiruufi jiireenya keessatti dhiheenyatti beeknuutti yoo socho’an, gocha raawwatan, waa karoorfatan, karoora ofii galmaan ga’uuf yoo ifaajan, dubbistootaan adda ba’u/hubatamu. Kanaaf, ijji kun dubbistootaafi qooddattoota walitti waan dhiyeessuuf dubbistoonni namfakkiilee akkuma nama jiruufi jireenya keessatti beekanii tokkootti akka ilaalan taasisa.
Ija ramaddii 3ffaa: Ijji kun seenessaan (narrator) osoo akka qooddattootaatti gocha keessatti hinhirmaatin, waan qooddattoonni yaadaniifi waan itti dhagahamu dubbistootatti hima/ti. Dubbistoonni waayee qooddattootaa qaama kanarraa waa hubachuuf carraa argatu. Kanaaf, “We learn about the characters through this outside voice” (http://WWW.learner.Org/interactives/literature/read/pov2.html).
Ija ramaddii 1ffaa: Ija kana keessatti, seenessaan gocha seenaa keessatti nihirmaata. Kanaaf, seenaa yoo himu “ani” ykn “nuyi” jechuun dhiheessa. Haalli kun waan dhuunfaa isaa/ishee ilaallaturratti akkuma nama jiruufi jireenya dhugaa ofiif loogee/dee nu sobuu danda’a/si. Qabxii amanuuf nama dhiburratti, dhugaallee ta’u, shakkii keessa dubbistoota galchuu danda’a. Kun of eeggannoofi xiinxallii gadifagoodhaan raga dhihaatu sakatta’uu gaafata.
Seenaan ija kanaan dhihaatu kun, qaama faalla isaa/ishee jirurratti ragaa dharaa dhiheessuufi waayee yarummaa ykn badii ofiitis dhoksuuf kan saaxilameedha. Kana waan ta’eef, waayee qooddattootaa gahuumsaan beekuu dhabuun dubbistoota biratti uumamuu danda’a. dabalataanis, gosa ijaa kana keessatti ofsaaaduufi of jajuun amma hingeenye of geessisuu waan danda’uuf amanamummaan isaa shakkisiisaa ta’a jedhamee yaadama.
Ija hunda beekaafi waa hunda beek- murtaawaa: Hunda beekaan, seenessaatu waa’ee qooddattootaa mara dhubbistootaatti hima. Waan qooddattoonni raawwachuuf jiran, hawwii isaanii abjuun qooddattootaa osoo hinhafiin kan himu seenessaadha/asooseedha. Kana ta’uu isaatiin, waa’ee qooddattootaa dubbistoonni kan beekuu danda’an, waan asooseedhaan itti himamuudha. Kanaafuu, qooddattoota dubbistootarraa fageessa. Nama jiruufi jireenya dhugaa keessa jiruufi garee bakka bu’an sana sochiidhaan bakka bu’anii ifa yoo ba’an hinmul’atani. Iji waa hunda beek- murtaawaa ammoo, waa’een qooddattootaa hamma tokko asooseedhaan kan himamuudha. Jiruufi jireenya keessatti namni sochii, raawwii, waan dubbatamuufi kan kana fakkaatanirraa ka’uudhaan waa’ee nama tokkoo dubbachuu danda’a. Asoosama keessattis waan arganiifi taajjabanirraa ka’uun waayee qooddataa seenessaan/asoosee kallattii ittiin ibsutu murtaawadha jedhama. Asooseessitoonni akka ija hunda beekaa waan mara dubbistootatti hinhimani. Waan namni tokko qaama tokkorratti argee waan taajjabe ibsuu danda’u, asooseessitoonni dubbistootatti himu. Kana bira darbanii, akka ija hunda-beekaa, carraa waan qooddataan sammuutti yaadu ibsuu hinqabani. Kana waan ta’eef, qooddattoota sochiidhaan baruuf ija hunda-beekaa caalaa dubbistootaaf carraa nikenna.
Gocha : 3.23 Yaaduu, cimdeessuu fi qooduu

  1. Amanamuufi amanamuu dhabuu qooddattotaa irratti ijawwan afran keessaa kan dhiibbaa qaban ibsi.
  2. Ijji barreeffamni tokko ittiin dhihaatu hubannoo dubbistootaarratti dhiibbaa qabaa? Yoo qabaate dhiibbaa akkamii qabaata?
  3. Ijawwan jiran keessaa dubbistootaafi qooddattoota akka walitti dhihaatan kan taasisu kami?
  4. Kan walirraa fageessu hoo? Akkamitti akka fageessuufi dhiheessu ibsi.
    B. Asoosama Gabaabaa
    I. Maalummaa asoosama gabaabaa.
    Gocha:3.24. Gaaffiilee armaan gadii garee miseensota sadi qabuun yaada waljijjiiraa.
  5. Asoosamni maali?
  6. Asoosama tokko dheeraa ykn gabaabaa wantoonni jechisiisan maal sitti fakkaata?
  7. Barreeffamni tokko asoosama ta’uuf maal guutuu qaba?
  8. Asoosaan asoosama tokko barreessuuf maal irratti hundaa’a?

Asoosamni gabaabaan sanyii ogbarruu barreeffamaa of danda’anii dhaabbatan keessaa isa tokkoodha. Gosti asoosamaa kun jaarraa 19ffaa keessatti bifa hammayyaatiin hojiirra ooluu eegale. Haata’u malee, maalummaa isaa ilaalchisee akkuma asoosama dheeraaf hiika namoonni hundi irratti waliigaluu danda’u kennuun rakkisaa ta’e, asoosama gabaabaafis hiika tokko ta’e kennuun rakkisaadha. Sababni isaas, hayyoonni adda addaa akka ilaalachasaanittiifi garee hayyoota deeggaranitti hiika adda addaa kennu. Akka fakkeenyaatti, hiika hayyoonni muraasni kennan yoo ilaallu:
• Asoosamni gabaabaan hojii kalaqaa ta’ee daqiiqaa soddoomaa hanga sa’aatii lamaa keessatti dubbifamuu danda’uudha (H.J.Wells)
• Barreeffama kaayyoo bu’ura ta’e tokko irra gahuuf jechoota kuma kudhanii gadi ta’een qophaayee seeneffamuudha.(Hariishoon)
• Bifa hololootiin kan barreeffame, tokkummaa cimaa irratti kan hundaa’e, yeroo hedduu jechoota kuma kudhanii ol hintaaneen kan barreeffamu, seeneffama kalaqaa ta’ee rakkina tokko dura kan dhaabbatu, rakkinichaafis sababoota qabatamaa irratti hundaa’uun murtii kennuuf kan tattaafatuudha (Alert, K.Redout fi Jeesee Stiiwart).
Haata’u malee, asoosamni gabaabaan damee ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko ta’ee, kan asooseen hojiin jiruufi jireenya hawaasa tokkoo isa hojii qabatamaafi kalaqa ykn argaa yaannu ta’e tokko haala hubatamuu danda’uun bifa hololoodhaan kan dhiyeessuudha. As irratti wanti hubatamuu qabu tokko, hojii kalaqaati yoo jedhamu, barreessaan akka feeteedhaan kan barreessu osoo hintaane haqa ykn dhugaa hawaasa tokko keessa jiru ykn mul’atu hamma tokko fudhachuun haala jireenya hawaasichaa, ilaalcha addunyaa tanaaf qabu, qaroomaafi kan kana fakkaatu akka hubatetti deebisee hawaasichatti akka daawwitiitti kan mul’isuudha.
Gocha: 3.25. Gaafilee armaan gadii irratti yaadota armaan olitti ka’an bu’urreeffachuun lama lama ta’uun erga yaada wal-jijjirtanii booda yaada keessan garee biroon walii qoodaa.

  1. Maalummaa asoosama gabaabaa ilaalchisee hiikni hayyoonni sadeen kennan walfakkeenya qabaa?
  2. Ni qaba taanaan ,walfakkeenyi isaanii maali?
  3. Hiika hayyoonni asoosama dheeraafi gabaabaaf kennan wal-bira qabuun tokkumaafi garaagarummaa isaanii addaan baasuun tarreessi.
  4. Waan kanaan dura dubbifte yookin dhageesserraa ka’uun asoosama gabaabaa akkamitti hiikta?

Asoosamni dheeraas ta’ee gabaabaan hojii kalaqaa bifa hololootiin dhiyaatu yoo jedhamu, barreeffamni bifa kanaan dhiyaatu marti asoosama jechuu miti. Kunis, barreeffama hojii kalaqaa ta’anii hololoodhaan dhiyaachuu kan danda’an keessaa dooyiin (drama), sheekkoon asoosamarraa amala addaa ta’e waan qabaniif. Kanaafuu, asoosama gabaabaa asoosama wantoonta jechisiisan keessaa: seenaa, qooddattoota, jaar-gocha, walitti bu’iinsa, yoomessa, ijaafi dhaamsa qabaachuu isaati.

II. Amaloota asoosama gabaabaa
Sanyiin ogbarruu barreeffamaa tokko asoosama jedhamuuf amalootaafi wantoota of keessatti hammachuu qabu hammatee argamuu qaba.Waan kana ta’eef, asoosamni gabaabaan bifaafi qabiyyee mataasaa kan qabu, ogummaa addaa kana keessatti calaqqisuufi akka bal’ina isaatti haala jireenya hawaasaa ibsuu kan danda’u yoo ta’eedha.
Gacha: 3.26. Yaadota armaan gadiirratti lama lama ta’uudhaan yaada walii qoodaa.

  1. Asoosama gabaabaa asoosama dheeraa waliin wal-bira qabdee yoo yaaddu, asoosamni gabaabaan amaloota akkamii kan qabu sitti fakkaata?
  2. Garaagarummaa asoosamni gabaabaan asoosama dheeraarraa qaba jettee yaaddu, hanga dandeessu tarreessuu yaali.
  3. Asoosamaafi jireenya haqaa/dhugaa jidduu garaagarummaa akkamiitu jira? Ibsi.
    Amalli asoosama gabaabaa qabxii xiyyeeffannoo oduhimummaa (informative), saffisummaa qabuufi guduunfaa waa hunda ta’e tokko kan qabu ta’ee, amaloota armaan gadiin kan beekamuudha.
    • Ta’umsa tokko qabaachuu. Ergaan asooseen sammuu dubbistootaa keessatti akka hubatamu barbaadu tokkoo ol ta’uu hindanda’u.
    • Ergaa ykn ijoo: yaadni asoosama dhiiyaate keessaa cuunfamee bahu ergaa ykn dhaamsa ijoon lama yookiin lamaa ol qabaachuu kan danda’u asoosama dheeraadha malee asoosama gabaabaa miti. Asoosamni gabaabaan dhaamsa ijoo tokko qofa qabaata.
    • Himni bu’aa malee barreeffamu tokkollee hinjiru. Himoonni asoosama keessatti argaman marti gara murtii xumuraatti tarkaanfachuuf bu’aa mataasaanii qabu waan ta’eef.
    • Caaccuulee asoosamaa kan asoosamni dheeraa qabu hunda qabaachuu: Seenaa, walitti bu’iinsaa, yoomeessa, qooddattoota, dhaamsaafi ija.
    • Seenaan seeneffamu saffisaan seeneffamauu isaa. Ergaa ijoo tokko qofa waan dabarsuuf, babal’isee dhiyeessuuf yeroo dheeraa kan hinfudhanneedha.
    • Yoomessa bal’aa hinqabu: yaada ijoo tokko qofa waan dhiyeessuuf yeroo hedduu hingaafatu. Yoo baay’ate daqiiqaa soddomaa hanga sa’aa lamaa keessatti seeneffamuu qaba.
    • Nam fakkiiwwan ykn qooddattoota murtaawaa qabaachuu.Yoo baay’ate namfakkii shan qabaachuu danda’a. Sababni isaas, namfakkiiwwan yoo baay’atan waliiti bu’iinsi baay’achaa dhufeetu kallattii yaada adda addaa uumuu waan danda’uufi.

Gocha: 3.27. Tokkummaafi garaagarummaa asoosamni dheeraafi gabaabaan qabu ilaalchisee, dhuunfaan gabatee armaan gadii guuti.
Asoosama dheeraa Asoosama gabaabaa
Tokkummaa

Garaa garummaa

III. Caaccuulee Asoosama Gabaabaa
Maalummaa ogbarruu barreeffamaa hubachuu keessatti, yaada asoosama dheeraa yookin gabaabaa irratti qabnu xiinxallee hubachuuf miseensonni asoosamichaa eenyufaa akka ta’an beekuun murteesadha. Kana waan ta’eef, asoosamni gabaabaan jiruufi jireenya hawaasa tokkoo akka daawwitiitti mul’isuuf, miseensotaa akka: seenaa, walitti bu’iinsa, yoomessa, qooddattootaa, dhaamsaafi ijji ittiin seeneffamu gaheen taphatan murteessaadha.
Seenaa: Caaccuulee asoosama gabaabaa keessaa tokko ta’ee, yeroofi iddoo murtaa’aa ta’e tokko keessatti, ta’iinsota tartiiba eeganii walduraa duubaan dhufan bu’uura godhachuun erga asoosamicha dubbifnee booda, asoosamichi “Seenaa abaluufaa waliin walfakkaata” jennee murteessuuf kan nu dandeessisuudha.
Jaargocha (Plot) Jaargochi asoosama takko keessatti, gochaalee tartiiba isaanii eeggatanii dhufan kan mul’isuudha. Namni asoosama tokko dubbisu, ta’iinsota walitti aananii dhufan addaan baasuun, ta’iinsa gara fuula duraa jiru baruuf gaafii “kanaan booda hoo?” jedhu sammuutti uumuudhaan kan itti aanu beekuuf arreeda. Adeemsa kana dhugoomsuuf asoosaan, yaadolee tartiibaan kaawwaman akkuma fedheetti kan hiriirsu osoo hinta’in “Sababa” irratti hundaawudhaan yaadota isaa bifa loojikaawaa ta’e irratti hundaawuun dubbisitootaaf dhiyeessa.
Walitti bu’iinsa Asoosama tokko keessatti walitti bu’iinsi sadarkaa garaagaraa ni uumama. Kunis, yaada ijoo ta’e tokko ilaalchisee waldhaansoo namoota ykn wantoota masaanuu ta’an lama jidduutti uumamuudha. Walitti bu’iinsi kunis, walitti bu’iinsa alaafi (External conflict) walitti bu’iinsa keessaa (internal conflict) ta’uu nidanda’a. walitti bu’iinsi asoosama gabaabaa keessatti mul’atu sababa qoddattoonni muraasa ta’aniif akka kan asoosama dheeraa heedduu miti.

Yoomessa (Setting): jechi kun jechoota “yoom”fi “eessaa” irraa kan uumame waan ta’eef jecha tishoo yeroo fi bakka gochi tokko asoosama tokko keessatti itti raawwatame ibsuudha. Ibsi bal’aan caaccuu kanaa asoosama dheera keessatti kan ibsame yoo ta’u, asoosama gabaabaa keessatti kan adda isa taasisu murtaawaa ta’uu isaati.
Qooddattoota/Nam-fakkii (Character): Qooddattoonni, namootaafi wantoota amala namoota dhugaan jiranii addunyaa asoosamaa keessatti bakka bu’ummaan calaqisiisaniidha. Kana jechuun, akkuma namoota dhugaan addunyaa kanarra jiranii nyaachuu, dhuguu, gammaduu, gadduufi kkf kanneen raawwataniidha jechuudha. Haata’u malee, nam-fakkiiwwan kunniin akkuma maqaan isaanii ibsutti dhugaan kan jiran osoo hintaane, asooseen yaada ykn ergaa isaa haala ifa ta’een dabarfachuuf akka itti tolu jecha jechootarraa kalaqee kan itti fayyadamuudha. Asoosama gabaabaa keessatti qooddattoonni baay’iinaan hindhiyatan.
Ergaa (Theme): Barreessaan asoosama barreessu tokko kaayyoo mataa isaa ta’e qaba. Akka waliigalaatti, kaayyoon inni guddaan, bu’aa ce’ii jiruufi jireenya ilmaan namaa keessatti mul’atu ykn arge tokko addunyaa asoosamaatti jijjiruudhaan dhaammachuuf kan dhimma itti ba’uudha. Kana waan ta’eef, ergaan asoosama tokkoo bu’uura yaada waliigalaa asoosamichaati jechuun nidanda’ama. Kana jechuun, namni asoosama tokko erga dubbisee booda amala tokko (certain behaviors) asoosamicharraa akka barnootaatti waan baratu hunda jechuudha. Dhaamsi asoosama gabaan darbu akka asoosama dheeraa osoo hin taane dhimma tokko qofarratti xiyyeeffata.
Gacha: 3.28. Asoosama gabaaba akka fakkeenyaatti kenname kana dubbisuudhaan gaafilee itti aananiif deebii kee dhuunfaan hojjachuun barsiisaa keetiif dhiyeessi.
Hiree Obsee
Obseen intala bareedduu adaadaa ishee waliin jiraattudha. Adaadaan ishee intala umriin ishee Obseen qixa ta’e tokko qabdi.Yeroo hunda obseen huccuu moofaa uffachuun hojii umna isheeti ol ta’e guyyaa guutuu waan hojjachiisaniif yeroo hunda carraa isheetti gadditti. Guyyaa tokko akkuma baratame ilmi mootii biyyattii sirna nyaachisaa qopheessuun xiqqaafi guddaa osoo hinfooyin uummata naannootti argaman hunda affeerraaf waamicha dabarse. Isheenis carraa kana waan argatteef, uffata haaroofti akka bitamuuf adaadaa ishee gaaffatte. Haata’u malee ,adaadaan ishee intala ishiitii qofa bittee ishee waan diddeef baay’ee waan itti dhagahameef boosse. Yeroo kana, intalli adaadaa ishee sosobuun uffata ishee moofaa uffattee iddoo waamichaa akka deemtu waadaa galteef.Borumtaa Obseefi intalli adaadaa ishee babbareedanii gara galma affeerraa ilma mootichaa deeman. Erga nyaatanii dhuganii booda ilma mootichaa waliin osoo taphatanuu tasa yoo ala ilaalan guyyaan dukkanaawuu hubatan. Kanaan booda, naasuu irraa kan ka’e Obseen kophee miila ishee achumatti irraaffatte muddamaan mana gahan. Obseen mana geessee xinnoo erga turtee booda kophee ishee galma ilma mootichaa keessatti irraaffachuu ishee yaadatte. Guyyaa itti aanu, kophee ishee fudhachuuf kophaa ishee deemuu waan sodaatteef, intala adaadaa ishee waliin akka deeman gaafachuun waliin deeman. Akkuma achii gahaniin, ilma mootichaa argatanii gaafannaan, innis akkana jedheen,”Kopheen ni jira, garuu ani hanga ammaa waanan hinfuuneef, isin keessaa nama kopheen kun itti ta’u nan fuudha,” jedhe. Yeroo kana intalli adaadaa Obsee daftee dursitee kophee miilatti yeroo godhachuuf yaaltu, si’a hedduu yaallaan kopheen miila isheetti ta’uu dide. Isheen yaaltee waan dadhabdeef, Obseen yaallan si’uma tokkoon itti taate. Dhumarratti, ilmi mootichaa Obseen walfuudhanii umrii guutuu nagaan wajjiin jiraatan jedhama.
Hubachiisa. Barreeffamni kun ulaagaalee asoosamni gabaabaan guutuu qabu hunda hinguutu. Haata’u malee, caaccuulee asoosama gabaabaa as keessatti barattoota hubachiisuuf kan dhiyaateedha.
Gaafilee. 3.29.

  1. Qooddattoonni asoosama kana keessatti ibsaman eenyu faadha?
  2. Gochi raawwatame yoomiifi eessatti?
  3. Jaargocha asoosamichaa addaan baasuun mul’isi.
  4. Asoosamicha keessatti walitti bu’insa mul’ate tarreessi.
  5. Walitti bu’iinsoonni mul’atan walitti bu’iinsa akkamiiti? Ibsi.
  6. Seenaan asoosama kanaa seenaa eenyuuti?
  7. Asoosama kanarraa maali baratte?
    Gocha: 3.30. Fakkeenya asoosama gabaabaa armaan gaditti siif eeraman dubbisuudhaan cacculee kanniin gadi fageenyaan ibsi.
    F Dungoo halkan sanaa
    F Haqa
    3.3.3. Malleen Asoosamaa
    Gocha: 3.31. Muuxannoo armaan dura qabdu bu’ureeffachuudhaan qabxiiwwan armaan gadiirratti yaada qabdu tarreessi. Yaadota tarreessite kan hiriyaa keeti wajjin walbira qabuun xiinxali.
  8. Jecha “mala” jedhu yoo dhageessu maal hubatta?
  9. Jiruu fi jireenya keessatti faayidaan malaa maali jetta?
  10. Asoosamaaf malli barbaachisu maal ta’uu danda’a jetta?
    Hojii tokko milkeessuuf mala raawwii mataa isaa barbaada. Asoosamnis akka milkaa’u malleen isa barbaachisu qaba. Malleen kunneenis caacculee ogbarruu adda addaa waliin qideessudhaan asoosamni tokko qabatamaan akka ta’eeti (raawwatameetti) nama dubbisutti akka dhagahamu taasisa. Malleen faayidaa kana qabanis, waliin dubbi (dialogue), addeessaa (description), raaga (foreshadow) fi dubdeebii (flashback) jedhamu.
    Malleen kunneen, caacculee asoosamaa qindeessan waan ta’aniif, gargar bahuu hin qabani. Garuu, ifa ta’iinsa maalummaa isaanitiif, jecha tokko tokkoo isaanii gargar ilaaluun barbaachisaadha. Bu’uuruma kanaan, haala armaan gadiitiin dhiheessuuf yaalameera.
    A. Waliin dubbii (Dialogue)
    Namni tokko rakkina jiruu fi jireenya keessatti rakkina isa/shee mudateef furmaata argachuuf nama waliin mariyata/dubbata. Asoosamnis calaqqee jiruu fi jireenyaa waan ta’eef, qooddattoonni (bakka bu’oonni namaa) waliin dubbatu; muuxannoo waljijjiiru. Kanaaf, ta’iinsonni asoosamaa kan jiruu fi jireenya dhugaa akka fakkaatu taasisuuf ni gumaacha.
    Waliin dubbiin mala fedhii, jaalala, jibba, kakayyoo ilaalaalli xinsammuu, qooddattootaa ifa ittiin bu’uudha. Qooddataan tokko waa’ee kan biroo maal akka yaadu, ilaalchi inni hawaasummaa keessatti qabu, dhimma ijoo asoosamichaan dabarsuu barbaadame ilaalchisee, hubannoo fi wanta gochuu fedhu/tu beekuf waliin dubbiin qooddattootaa ni fayyada. Sababni isaas, namni jiruu fi jireenya keessatti, adeemsa waliin dubbii keessatti fedhii, ilaalchcha fi kaayyoo ofii ibsata. Kana malees, waan jedhe ykn yaadu tokkoofis sababa jedheef yaada amansiisuufii danda’us kan ibsachuu danda’u waliin dubbiidhaani.
    Waliin dubbiin asoosama keessa galuu kan qabaatu, waliin dubbiin asoosama keessatti argamuu waan qabuuf jedhamee ta’uu hin qabu. Eenyumaa qooddattootaa mul’isuun alatti, dhugaa fakkaachuu seenaatii fi ilaalcha garee hawaasaa qooddattoonni bakka bu’anii ifa taasiisuu qabaata. Kana gochuudhaan ammo, gareen hawaasaa sun maal akka barbaadu, addunyaa tanaaf ilaalcha qabu beeksisuu danda’a. Haalota kana mijeessudhaan ta’iinsonni asoosamichaa addunyaa dhugaa keessatti qabatamaan raawwatamaa akka jiruutti akka itti dhagahamu taasisa. Kun ammoo dubbifamuu fi amanamummaa asoosamaatifis gahee olaanaa qabaata.
    Gocha: 3.32. waliin dubii asoosama gabaabaa tokkoo keessaa kan bakka murtaawaa jiru fudhachuudhaan:
    A. Asoosamichaaf maal akka gumaache ibsi.
    B. Amala (eenyummaa) qooddataa/tu beekuuf ni gumaachaa? Maaliif ?
    B. Addeessa (description)
    Malli addeessaa; dhaabbannaa, bifa, haala uffannaa, toora jireenyaa, bakka irra socho’anii fi kkf arga sammuutiin akka dubbistoonni laalaan taasisuudhaaf gargaara. Dubbistoonni arga sammuutin waan qooddattoonni fakkaattan arguu fi seenaa himamu wajjin wal fudhachiisuun amanamummaa wanta himamuutiif gumaacha guddaa qabaata. Dabalataanis, addeessa qooddattootaarraa ykn toora jireenya isaanirraa ka’uudhaan haala jireenyaa, cimina ykn laafina qooddattootaa tilmaamuuf gargaara. Tilmaammiin jiruu fi jireenya bu’ureeffate kan asoosamicha keessatti ta’u wajjiin kan wal simu yoo ta’e, amamamummaa qabaata; jiruu fi jireenya hawaasichaa ga’uumsaan callaqqisiisuufis faayidaa guddaa qabaata.
    Gama birootin, toftaan addeessaan namfakkii uffannaa isaa, mana isaa, magaalaa isaa fi biyyaa isaa waliin toftaa dhiheessuuf fayyaduudha jedhuudhaan Zarihun Asfaaw (1992:210) Imiil Zoolaa wabeefachuun ibseera. Kanaarraa ka’uun, addeessi asoosama keessatti akeeka qabeessaa fi seenaa asoosamichaatiif mi’aayina kennuudhaan akka fulduratti tarkaanfatu kan taasisuudha. Addeessi asoosama tokkoo akeeka malee kan dhihaatu yoo ta’e, yeroo fudhachuudhaa fi nama dubbisu dadhabiisuun ala asoosamichaaf faayidaa kennu hin qabaatu.
    Gocha: 3.33. Gaafilee armaan gadiitiif dhuunfaadhaan deebii kenni. Deebii kee kan hiriyaa kee wajjin walbira qabuun xiinxali.
  11. Asoosamoota Afaan Oromoo keessaa fakkeenya addeessaa argattu fudhachuudhaan hubannoo addeessarratti qabdu ibsi.
  12. Fakkeenyi fudhatte asoosama keessaa fudhatteef faayidaa maal kenne jettee yaada ? Ibsa waliin dareef gabaasi
    C. Raaga (foreshadow)
    Raagni toftaa asoosessaan, wantoota qooddattoota asoosamicha keessatti fulduratti mudachuu danda’an keessaa ijoo kan ta’an dursee dubbistootaaf kan fucha (qaawwa) itti mul’isuudha. Asoosamicha keessatti, kara jaargochi asoosamichaa itti deemurratti dursaan fakkeedhan samuu dubbistootaa keessatti toftaa gaaffii uumuuf gargaaradha. Gaaffiin uumamu ammoo, yaada maal ta’inna jedhuun fedhiidhaa fi si’aayinaan asoosamichi akka dubbifamu taasisa .
    Raaguun asoosama keessatti faayidaa waan fulduratti ta’u dursee eerudhaan sammuu dubbistootaa keessatti, “Maal ta’inna?” gaaffi jedhu uumuudhaan si’aayinaan akka dubbifamu taasisa. Haata’u malee, waan fulduratti ta’u mara kan diriirsu ta’uu hin qabu. Eerudhaan ala bal’inaan ibsanii akka si’aayina dubbistootaa hin mine, asoosessitoonni of eeggannaa guddaa gochuu qabaatu.
    Gocha: 3.34. Gaafilee armaan gadiitif dhuunfadhaan deebii erga kennitee booda deebii kee fi kan hiriyaa keetii waliin madaali.
  13. Asoosama keessatti, raagni faayidaa maal qaba jetta?
  14. Asoosessaan itti fayyadama raagduurratti of eeggannoo gochuu qaba jedhama . Of eeggannoo yoo gochuu baate maaltu uumama jedhamee kan sodaatamu sitti faakkaata? Bal’isii ibsi.
    D. Duubdeebisa (flashback)
    Gocha: 3.35. Yaadota armaan gadiitiif deebidha kan jettu dhuunfadhaan itti yaadi. Yaada dhuunfaa keeti kan nama biroo wajjin walbira qabii laali. Sirrummaa yaada dhiheessitanii mirkanneeffachuuf ibsa itti aanee jiru dubbisi
  15. Dubdeebisa yoo jedhamu maal hubatta?
  16. Dubdeebisni asoosama tokkoof gumaacha maal qaba jettee yaadda?
    Duubdeebisa kan jedhamu, tooftaa ergaa dabarsuu barbaadame cimsuuf jecha seenaa asoosamicha keessaa dura, waan raawwatame tokko fiduudhaan qaama seenaa amma himamaa jiruu taasisuuti. Yaaduma kan ibsuuf, Dr. Hallet, “Flashback: a scene inserted into a film, novel, story, or play to show events that occurred at an earlier time; this technique is used to complement the events in the “present” of the story” jedhanii kaa’u (Toora interneetii “ElementsofFiction6-4-10”). Kanarraa hubachuun kan danda’amu, toftaan kun, eenumaan qooddataa/tuu asoosamichaa kaleessa maal akka ture/te ykn maal akka irra ga’e dhiheessudhaan, eenyummaan har’aa akka haalaan hubatamu kan taasisuu ta’uu isaati.
    Kana yoo jedhamu, seenaan qooddattootaa bal’inaan dhihaata jechuu miti. Inumaa seenaa ammaa cimsuuf kan ta’u filatame gabaabinan dhihaachuu qabaata. Kana yoo ta’uu baate, xiyyeeffannaa dubbistootaa fudhachuudhaan seenaa of danda’e ta’uudhaan dhimma yaadameef osoo hin oolin hafa. Gabaabinaan kan dhihaatu taanaan, eenyummaa namtakichaa ammaatiif eenyummaan kaleessa ture gumaacha qabu hubachiisuu danda’a. Hubannoon dubbistoonni kanarraa argatan ammoo amanamummaa namfakkiitiif gumaacha olaanaa qabaata. Dubbisa moojula kana keessatti mata duree, “Tolasaa fi Jaalannee” jedhu keessatti amalli Tolasaa kan kutaa tokkoffaa ibsamuun isaa, gocha ofitti gadduu Jaalanneetif sababa gahaa dubbistootaaf kenna.
    Toftaan kun asoosama keessatti karaalee adda addaattin hojiirra ooluu danda’a. Kaneen keessaa waliin dubbiin isa tokko. Waliin dubbii qooddattootatiin seenaa darbe ta’ee, kan ammaa cimsuuf gumaacha kan qabu waliin dhubbi keesa akka kaasan taasisuudhaan fayyadamaa mala kanaa ta’uun ni danda’ama. Karaan biraa immoo, Qooddattoonn waan dur keessa darban kan ammaatin walqabsiisudhaan waan yaadaan samuutti dhufe akka dubbatan taasiisudhaan seenaa darbee fi kan ammaa walfudhachiisuun dhiimma yaadameef oolchuun ni danda’am.
    Gama biraatin, gochi darbe waan qaama qooddattootaarratti dhiisee darbe (godaannisa, miidhama qaamaafi kan fakkaatan) addeessudhaan, eenyummaan qooddataa/tu kaleessaa argasammuutiin laaludhaan eenyumaa qooddattootaa har’aatiif waan gumaache akka hubatan ni taasisa.
    Asoosama keessatti duub deebisni bakka adda addaatti galuu danda’a. Bakka galuumsa isaa kan murteessu barbaachisummaa isaati.
    Gocha: 3.36. Gaaffilee armaan gadii dhuunfadhaan erga xiinxaltee booda hubannoo dhuunfaa keetii kan hiriyyaa keetii waliin madaaludhaan irratti mariyadhaa. Marii cimdii erga xumurtanii booda, yaada irratti waliigaltanis ta’ee kan irratti walii hin galin kan cimdii biiroo wajjin wal bira qabuun xiinxalaa.
  17. Dubdeebisni asoosama keessatti argamuun dirqamaa? Maaliif?
  18. Dubdeebisni asoosama tokko keessatti yoo baay’ate miidhaa maal qabaachuu danda’a?
  19. Dubdeebisni asoosama keessatti eessatti galuu qaba jetta? (Jalqaba, jidduu moo xumura seenaarratti dhihaata?) Maaliif?
    C. Dooyii (Drama)
    Gocha:3.31. Yaadolee armaan gadii irratti lama lama ta’uudhaan yaada keessan walii qoodaa.
  20. Jecha “doo’ii “jedhu dhageessee beektaa? Maal jechuudha?
  21. Jiruu kee keessatti, wanta namoonni wal-gahanii raawwatan ilaalte beektaa?
  22. Yoo jiraate, namoonni gocha ati ilaalte raawwatan eenyu faadha?
  23. Namoonni sun gahee akkamii taphatan?
  24. Gocha sana eessatti raawwatan?
    Maalummaa Doo’ii
    Dooyiin sanyiiwwan ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko ta’ee; of danda’ee kan argamuudha. Jechi “doo’ii “ jedhu, jecha Afaan Ingiliizii “drama” jedhuun ibsama. Jechi kun jechoota Giriikii raawwachuu ykn gochaan mul’isuu jedhu irraa kan maddeedha. Kunis, kan ibsu, gocha namoonni bu’aa bahii jiruufi jireenya ilma namaa keessatti mul’atan qooddattoota bakka buusuudhaan daawwattoota duratti, waltajjiirratti bifa tiyaatiraatiin agarsiisaniidha. Wanti agarsiisamu kunis, kan nama gammachiisuuf nama gaddisiisu ta’uu mala. Raawwiin kun yeroo heddu faaruufi hurruubaan akkasumas, waliin dubbiifi ofiin dubbiin kan gaggeeffamuudha. Kana irratti hundaayee, gosti dooyii,”doo’ii gammachiisaa” kan nama kolfisiisaa bashanansiisu (Comedy)fi “doo’ii gaddisiisaa” bu’aan raawwin isaa ka nama gaddisiisuufi hanga nama sukaneessuu gahu (Tragedy) jedhamee akka qooddamu taasiisee jira. Do’iin jalqaba barreessaan bifa holooloon raawwiwwanitti taatto uumuun barreessee erga qophaasseen booda namoonni addunyaa dhugaarra jiran bakka taatota barreeffamaan ibsamanii bu’uun qooda isaaniifi ta’iinsota gochaan waltajji irratti agarsiisuun doo’ichatti lubbuu uuma.
    Amaloota Doo’ii
    Doo’iin akkuma sanyiiwwan ogbarruu kanaan dura ilaalle, sanyii ogbarruu of danda’aa ta’ee, amaloota gosoota ogbarruu birootiin tokko taasisuufi adda isa godhu niqaba.
    Gacha: 3.32. Yaada armaan olitti dhiyaate bu’uureeffachuun, dhuunfaan garaagarummaafi tokkummaa doo’iin asoosama gabaabaafi dheera waliin qabu barreessi
    Gosoota Takkummaa Garaagarummaa
    1 Asoosama dheeraa
    2 Asoosama gabaabaa
    3 Doo’ii

Hubachiisa: Barsiisaa! Baratoonni gabatee kana erga guutanii booda, amaloota doo’ii adda baasuun hubachiisi. 
BOQONNAA AFUR

  1. DUBBII QOLAA
    Gocha : 4.1. Gaaffilee armaan gadii gareedhaan irratti mari’adhaa.
  2. Dubbii qolaa yemmuu jennu maal jechuudha?
  3. Dubbiin qolaafi afaan walitti dhufeenya qabuu? Yoo qabaatan ibsi.
  4. Gosoonni dubbii qolaa maal faadha? Tokkoon tokkoon isaanii fakkeenya waliin ibsaa.
    Ilmi namaa jiruufi jireenya isaa keessatti wantoota baay’eedhaan walitti dhufeenya uuma. Walitti dhufeenya uumama kana keessatti akkaataa amala wantoota itti walii ibsuun yaada ifa ta’e dabarsuun walubachiisuu danda’a. Adeemsa kana keessatti hariiroo wantoonni qabanittti bifa adda addaatiin fayyadamna. Mala haala kanaan gargaaramnutu dubbii qolaa jedhama. Karaa biroon yoo ibsinu dubbiin qolaa gosa dubbii keessaa isa tokko ta’ee, waa’ee waan ibsinu tokkoo daran ifa gochuuf, dhaggeeffataan arga yaadaan suuraa kaasee waa’ee waan tokko akka hubatuuf, harka wayyaa jalaan dhaamsa dabarsuufi haasaan ykn dubbiin tokko baayyatus akka nama hinnuffisiisnee taasisuu keessatti ga’ee olaanaaa qaba.
    Haala ibsa leexaatirra haala armaan olitti ibsameen yaada ykn dubbii tokko ibsuun ykn dhiyeessuun, yaada dabarsuu barbaanne sana osoo nama hinnuffisisiin caqasamaa/dubbifamaafi fudhatamaa akka ta’u nu gargaara. Kanaafuu, jechamoota ykn haala ibsa adda ta’e tokkotti dhimma bahuuf dirqamna.
    Wantoota uumamaanis ta’ee amalaan garaa gara ta’an/walitti dhiyaatan walitti dhufeenya gidduu isaanii jiru firoomsudhaan gocha haala, amalaafi kkf dubbii qolaatiin ibsina. Dhaamsa barreeffamaan darbu tokko kan ofitti nama hawwatuufi gadi fageenya qabu akka ta’u jechoonni dubbii qolaa gahee olaanaa taphatu. Gochaaleefi haalonni hubachuuf rakkisoo ta’aniifi miira keenyaaf kan dafanii hindhiyaanne dubbii qolaatiin yoo ibsaman, battalumatti gara sammuu ga’uufi hiika argachuu danda’u.
    Gama biraatiin, dubbiin qolaa yaada ibsamuu barbaadame tokko haala gabaabaafi gadi fageenya qabuun dabarsuuf, akkasumas, miira dubbisaaf dhaggeeffataa kakaasuudhaan hirmaataa dammaqoo gochuudhaaf humni qaban baay’ee olaanaadha. Itti fayyadamni isaaniitis, dandeettii kalaqaa kan gaafatuudha. Dubbii qolaa haasaafi holooloo keessatti itti fayyadamna.
    Dimshaashumatti, dubbiin qolaa yaada tokko arbeessanii ykn hoo’isanii ibsuu, fakkii wanta tokkoo sammuu namaa keessatti uumuu, yaanni tokko arga yaadaatiin akka ilaallamu kan taasisaniidha.
    4.1. Gosoota Dubbii Qolaa
    Gosoonni dubbii qolaa baay’edha. Haata’u malee, kan baratamaniifi yeroo baay’ee itti fayyadamnu muraasa. Isaan kunis akka armaan gaditti dhiyaatanii jiru.
    Gocha: 4.2. Gaaffilee kanneeniif dhuunfaadhaan deebii kenni.
  5. Akkasaa/akkee akkamitii ibsita?
  6. Faayidaalee akkasaa hamma beektu tarreessi.
  7. Akkasaadhaaf fakkeenya mataa keetii erga kinnitee booda, hiriyaa kee waliin walcina qabaa ilaali.
    4.1.1. Akkasaa (Simile)
    Dubbiin qolaa akkasaa wantoota uumamaanis ta’ee amalaan kan walitti dhufeenya qaban lama fudhannee walfakkeenya gidduu isaanii jiru wal-madaalchisuudhaan yaada keenya ittiin ibsannuudha. Wantoonni walcina qabaman adda adda ta’uus nidanda’u. Ta’ullee, garaagarummaa isaanii keessaan tokkummaan isaanii ifa bahee ibsama. Yemmuu walmadaalchisnus, jechoota irra guddaa ‘akka’ ykn ‘hamma’ ykn ‘ta’e’ ‘fakkaata’ jedhanitti dhimma baanee amala, gocha, boca, haalaafi kkf wantootaa walmadaalchisuudhaan ta’a.
    Fkn. 1.
    Sanyiin abbaa hin badinii
    Hiddi hin gogin malee
    Kanarra baay’annaa
    Akka urjii Waaqarraa
    Akka cirracha galaanaa
    -Ummanni “Eedsiin hamma beelaa nun miidhu” jechaa jira. Haata’u malee, dhibichi baay’ee isaanii akka baalaa harcaasaa jira.
    -Namuma midhaan argee hin beekne ta’e.
    -Bifti isaa cuquliisa fakkaata.
    -Baay’inni rakkoolee keenyaa akka biyyee lafarraa ta’e.
    -Ni urgoofti akka abaaboo birraa
    Gocha 4.3. Gaaffilee kanneen gadiitiif dhuunfaadhaan deebii kenni.
  8. Iddeessaan maali? Akkamitti ibsama?
  9. Fakkeenya lama kenni.
  10. Akkasaa wajjin walfakkeenyaafi garaagarummaa akkamii qaba?
    4.1.2. Iddeessaa/ Bakka Buusaa (Metaphor)
    Iddeessaan walfakkeenya wantoota adda addaa gidduu jiru wal-dorgomsiisudhaan amala, gocha, bifa, hanga, haalaafi kkf isa tokkoo kan birootiin bakka buusuun ittiin ibsuuf gargaara. Yemmuu kana, yaadni tokko kan birootiin guutumaan guutuutti bakka buufama.
    Fkn. Abbaan ilmoo isaatiif gaaddisa; namichi leenca; Isheen sareedha; bunni utubaa diinagdeeti; dammi gagaa ta’e; firri alagaa ta’e; jaalli jibba ta’e; inni lafa.
    Gocha: 4.4. Gaaffilee armaan gadii cimdii cimdii ta’uun mari’adhaa.
  11. Dubbii qolaa keessaa nameessuu akkamitti ibsita?
  12. Dubbii qolaa akkeefi iddeessaadhaan maaliin adda ta’a?
  13. Fakkeenya adda addaa kennuudhaan bal’inaan ibsaa.
    4.1.3. Nameessuu/Personification
    Dubbiin qolaa kana keessatti lubbu qabeeyyiifi lubbu dhabeeyyitu amala dhala namaa goonfachuun akka namaatti dubbii dubbatu ykn ta’iinsa raawwatu. Yagguu kana lafti, mukti, bineensi, beeyilannii fi kkf akka namaa ta’u. Ni haasa’u, wal-lolu, yaada dhiyeessu, wanta namni hojjatu mara hojjachuu fedhu; walumaa galatti, gocha addaa kan namoonni raawwatan hunda raawwatu.
    Fkn.
    Yaa waaq Boorantichaa
    Ba’aan koo ulfaataa
    Dhagaa gurraachichaa
    Ayyaana Oromtichaa
    Yeroon yeroo qabaa
    Ba’aa baadhadhee hin hafu
    Booddee akkan hafetti
    Eegee akkan ta’etti
  • Kan ofii hin agartu re’een “eegee gadi qabdhu” jette sareen.
  • “Of eegaa sirbi” jette hantuuni.
  • Adurreen” maa boontaa” jennaan; “eessuma kootu qeernsaa” jette.
  • Qamaleen jaldeessaan,” Akka dhaqa badde, gala hinbadin,” jetteen.
    -“Abbaatu of mara,” jedhe bofti.
    -“Mi’eeffattee, na’arraabi” jedhe soogiddi.
    Maaloo yaa waaqayyoo
    Maliidha maali koo
    Ani ofiin hin xuqu
    Kan na tuqe hin dhiisu
    Ofumaa dhufanii
    Maqaa naballeessu
    Ani kanan barbaadu
    Isa olii gadi kaatu
    Kudhan ijaan waaddu
    Qabeetan gidirsa
    Lafarraan balleessa ( Eedsii)
    -“Fuula namaa duratti malee fincaan na hin bu’u,” jette jabanaan.
    Gocha 4.5. Gaaffilee armaan gadii gareedhaan irratti mari’adhaa.
  1. Arbeessuu jechuun maal jechuudha?
  2. Dubbiin qolaa kun faayidaalee akkamii qaba?
  3. Dubbiin qolaa kun, dubbii qolaa kaawwanirraa maaliin adda ta’a jettanii yaaddu?
  4. Dubbii qolaa kanaaf fakkeenya kenni.
    4.1.4. Arbeessuu/Gurra Guddisuu/ Ukukkubee (Exageration/Hyperbole)
    Arbeessuun yaada tokko hoo’isee, guddisee sammuudhaan akka ilaallamuu danda’amutti kan ibsuudha. Yemmuu kana, dhugaa jiru garmalee guddisnee, jajnee suuraan/ fakkiin wanta sana sammuudhaan akka ilaallamu goona.
    Fkn.
    Silaa kan waaqni uumu
    Ardiin ba’aa hindadhabuu
    Lama hin uumaman malee
    Garaa haadhaa deebi’anii
    Saglan tuuta Ekeeraatiin
    Torban torbee qaalluutiin
    Lammaffoo miixatanii
    Lubbuu miixachiisanii
    Ciniinsuun cichaan jigee
    Ayyooleen booroo teessee
    Miixuun dagalee diigee
    Ililliin qaqaa arcaase.
    -Afaan dubbii bare, bishaan ho’aa alaanfata.
    -Rifeensi mataa ishee farda sakaala.
    -Jechi isaa dhagaarra ulfaata
    4.1.5. Mitihee /Paradox/
    Yaada tokko yogguu ibsu, wanta faallaa walii ta’e lamaan ibsa. Garaagarummaan wantoota faallaa ta’an lamaan sanaan yaanni walaloon ykn dubbataan ibsuu barbaade sun ifatti ba’a. dubbiin qolaa kun yoo irra keessa ilaalan soba fakkata; garuu dhaamsi isaa dhugaadha.
    Fkn.
    Kan kee garaan gogee
    Keessatti tatarsa’ee
    Of keessatti dhiiga
    Kan kee kolfaa boo’a
    Kan koo qotaa deega
    Hirriiba hin qabu rafee bula.
    Abbaan sooressaa osoo qabuu hiyyeessa.
    Wallaaleen beeke.
    Carraaqeen dhabe
    Nyaadheen beela’e
    Gaddaa gammada
    Dhugeen dheebodhe.
    4.1.6. Habalaka/Saada/Irony/
    Habalakni akaakuu dubbii qolaa yaadni ibsamu tokko faallaan (harka lafa jalaatiin) hiika akka kennu itti taasifamuudha. Kunis, yeroo baay’ee kan hojiirra oolu dubbii keessatti yoo ta’u, barreeffama keessatti (ogbarruu) keessattuu walaloo keessatti tajaajila. Akka gosoota dubbii qolaa birootti habalaka hubachuun (salphumatti) hindanda’amu. Hiika isaa beekudhaaf wanta seenaa keessatti ta’e hubachuun baay’ee barbaachisaadha. Sadarkaa waliin dubbii keessatti yemmuu taasifamu haalli fuulaafi sagalee dubbataa sanaarra calaqqisu hiikoo mataa isaa waan qabuuf sana duuka bu’uun dubbiin tokko habalakoo ta’uu isaa hubachuun nidanda’ama.

Fkn.
 Ati bee humna qabeessaa, akka nan cabsine. (dadhabaa ta’uu isaa ibsuuf).
 Akkamitti ganamaan kaate har’a. (bariifataaf)
 Si eenyutu si ga’aa.(nama laafaa)
 Gocha fiigichaan bee namuu sindursu (nama fiiguu hindandeenyeen)
4.1.7. Walbira Qabuu/ Analogy/
Wantoota lama fudhatee wal bira qabuudhaan kan ibsuudha.
FKN 1. Fardatu garbuu dide
Baratu darbuu dide
FKN 2. Sinbirroo tiftiffoo
Caffeerraa hindhabanii
Jaalalaafi singiggoo
Lapheerraa hindhabanii
FKN 3. Tika didaa
Nyaata dida.
4.1.8. Fakkeessummaa (Symbol)
Fakkeessummaan yaada ibsuu barbaade tokko wanta biroodhaan bakka buusa. Kunis, jechaan ykn mallattoodhaan ta’u nidanda’a. Fakkeessummaan iddeessaa wajjiin tokkoo miti. Sababiin isaa hiika iddeessaa argachuuf walaloodhuma kenname keessaa hubachuun yoo danda’amu, kan fakkeessummaa immoo gadi fageenyaan qorachuudhaan waan ta’eef.
Hiika fakkeessummaa argachuudhaaf seenaa, yeroofi naannoon waan walqabatuuf, dura qabxiilee kanneen hubachuun barbaachisaadha.
Fkn.
Waaqamoo namumaa kan seera jallisee
Haati keenya takkaa maaltu addaan nubaase.
Fakkeessummaan gosa adda addaa qaba.
Isaanis: 1. Fakkeessummaa addunyaa irratti beekkamu
Gugeen fakkeenya nagaati.
Ifa = fakkeenya beekumsaa
Dukkana = fakkeenya doofummaa, wallaala

  1. Fakkeessummaa naannoo bal’aa tokkootti beekkamu
    Uffata gurraacha-Gaddaaf
  2. Fakkeessummaa dhuunfaa
    -Kana hiikuuf-Yeroo isaa
    Seenaa nama sanaa
    Naannoo isaa beekuu gaafata.
    Jaalala
    Ana waa na dhibe
    Haalli koo na jibbe
    Laphee na naasisaa
    Halkan na boochisaa
    Abjuun na dorsiisaa
    Jaalalli na qabe
    Kan namaaf hinhirre
    Hinse’in durbarraa
    Naqabe mukarraa
    Muka damee bal’oo
    Teessuma maanguddoo
    Badhaasa Waaqayyoo
    4.1.9. Atee/Ateessa (Apostrophe)
    Atee/ateessa keessatti barreessaan/dubbataan waan nama hintaanetti akka namaatti itti haasa’a/dubbata. Nameessa keessatti garuu itti haasa’a osoo hin ta’in waa’ee isaa haasa’a. Kana malees, nama hinjirre ykn du’ellee akka waan bira jiruutti itti dubbachuudha.
    Fkn.1
    Deega koo yaa rakkisaa,
    Tur amman si fannisaa,
    Muka arbaa daraaretti,
    Ilma abbaan abaaretti.
    Fakkeenya olitti kenname keessatti geeraraan kun hojiif kutatee ka’ee hiyyummaa isaa ofirraa gatuuf dhaadachuu isaa mul’isa. Deega ykn hiyyummaa isaatti akkuma namaatti dubbata; itti dhaadata. Ilma abbaan abaare malee anatti rarraatee hinhaftu ittiin jechaa jira.
    Fkn 2. Namtichi warqee (warqii) gate tokko osoo barbaadu ji’i baatee warqeesaa argate akkas jedha. “Yaa ji’a nana! Guddadhu akkan hin jenne atuu iftuudha; achumatti naa jiraadhu” jedhe jedhama.
    4.1.10. Anyaarsee /Satire/
    Amala badaa hawaasa keessa jiruufi safuu hawaasa keessatti maqe qeeqquuf/ ittiin ceepha’uuf kan nama tajaajiludha. Kana malees, dogoggora miseensi hawaasaa qabu tokkos ittiin sirreessuuf kan fayyadudha.
    Fkn. Bor hin beekneen qoodaan bukoo ishee lama.
    Waan bona hin kaa’in ganna harka hin kaa’in.
    Kan hudduurraa hinqabne haguuggattee hagdi.
    Karaarrati nyaachuu hinsalfattu, karaarratti taa’uu saalfatti.
    Anyaasrseen mala dubbii dogoggora hawaasa keessatti dalagamu, arrabsuun akka sirraa’u taasisa. Dogoggora hojjetame sirreessuuf, arrabsoo lafee namaa cabsutti gargaaramna.
    Gocha 4.5. Fakkeenyawwan armaan olitti dhihaatan maal jechuun akka barbaadame xiinxalii yaada mataa keetiin gareef ibsi.

    BOQONNAA SHAN
  3. QEEQA OGBARRUU
    Qabiyyee boqonnichaa
    5.1. Maalummaa fi Akeeka Qeeqa Ogbarruu
    5.2. Akaakuwwan Qeeqa Ogbarruu
    F Haxawwan Barsiisuu fi Barachuu
     Ibsa Hirmaachisaa: Mata-dureewwan dandeettii afaaniifi barnoota barattootaarratti hundaa’uun dhiyeessuu fi mari’achuu;
     Maleenya gochaarratti hundaa’ee- barattoonni akka yaada maddisiisan, tooftaalee wixineessanii fi ofiin furmaatarra akka ga’an kakaasuu;
     Qo’annaa dhuunfaaa fi malleen piroojeektii- barattoonni akka qo’atan, dubbisanfi kkf
     Hojiisaanii akka dhiyeessan jajjabeessuu;
     Marii gareefi hiriyaan barachuu
     Barattoonni walaloo filatanii dareef akka dhiyeessan gochuu;
     Barattoonni walaloo akka barreessaniifi daree keessatti akka dalagan haala mijataa uumuu;
     Walaloo barreeffame keessatti ittifayyadama malleen dubbii akka qeeqan barattootaa kakaasuu;
     Barattootni, taateewwan adda baasuun dareef akka dhiyeessan gochuu (maaltu, eessatti, yoom, maaliif) akka ta’e;
    F Tooftaalee Madaallii
     Gaafii fi deebii
     Hojii dhuunfaa, cimdii fi garee
     Calaqqee hojii dhuunfaa, cimdii fi garee
     Hojii piroojeektii /walaloo, asoosama gabaabaa, gabaasa madaallii
     Hojii daree fi hoj-manee
     Qormaata
     Hirmaannaa daree
    5.1. Maalummaafi Akeeka Qeeqa Ogbarruu
    Gocha: 5.1. Gaaffilee armaan gadii dhuunfaan yaalii yaada kee kan hiriyaa keetiin waliitti fidi.
  4. Jecha qeeqa jedhurratti hubannoo qabdu yaadi; waan yaadattu hiriyaa keetii qoodi.
  5. Jecha qeeqa jedhu dhageessee beektaa? Dhageessee beekta yoo ta’e, hiikni isaa maali jetta?
  6. Hawaasa keessatti haala akkamiitiin hojiirra oola?
  7. Hubannoon hawaasa keessa jiru ogbarruu wajjin karaan walitti dhufuu itti danda’u jiraa? Waan sitti fakkaatu hiriyaa keetiif ibsuudhaan yaada irra geessan dareef calaqqeessaa.
  8. Waliin dubbii keessatti, hiriyaa kee wajjin yaadaan waliigaluu dhabuudhaan mormitee beektaa? Deebiin kee “eeyyee” yoo ta’e, qeeqa wajjin walqabachuu danda’a jettee yaadaa? Maliif?
    Waan tokkorratti raga qabatamaa dhiheessudhaan waliin dubbachuun walamanuu fi dhimmicha sirritti hubachuuf gumaacha mataa isaa ni qaba. Sababni isaa wanticha gadifageenyaan laaluu fi xinxaluu of keessaa qaba waan ta’eefi. Kun qeequdhaaf ka’uumsa gaarii ta’uu ni danda’a. Fknf. jiruu fi jireenya keessati arjaa ta’uu nama tokkoo raggaasisuuf kallattii ofii laalten arjaa ta’uu nama sanaatif raga waan ta’u dhiheessudhaan waan ofii itti amante qaamonni biroo akka amanan gochuuf yaaluun kee hin hafu. Qeequun ogbarruutis, yaada qeeqamu sana akka sirritti hubatamu gochuudhaaf ragaalee ogbarruu qeeqamu keessaa bahan dhiheessudhaan ogbarrichi akka sirritti hubatamu taasisa.
    Dhimmi xiyyeeffannaa koorsii kanaa ogbarruu waan ta’eef irra deddeebidhaan ogbarruu wajjin walqabsiisudhaan yaa ibsamu malee qeeqni ogbarruu qofaa waliin wal hin qabatu. Dimshashaffamee yoo laalamu, qeeqni iinxallii hojiilee artiiti jechuun ni danda’ama. Hojiileen artii immoo jireenya dhala namaa wajjin kan walqabatan waan ta’eef umrii dheeraa qabu. Xiinxallii hojiilee artiitis akkanuma umrii dheeraa qaba. Umrii dheeraa qabachuu isaatin, bara qaroomina Giriikotaarraa kaasee jijjiramoota adda addaa keessa darbee har’arra gaheera( Zarihun Asfaaw, 1998; World Book Ensyclopedia,1994).
    Umrii dheeraa jirachuu isaarraa kan ka’e, yeroo adda addaa ibsa adda addaa argataa tureera. Ibsa adda addaa bara adda addaa argachuu isaatiif akka sababaatti qabxiileen eeraman ni jiru. Kanneen keessaa yeroo adda daaddaa keessatti falaasamni waa’ee artii yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa deemuun isa tokko. Falaasamni waa’ee artii jijjiiramuun qeeqxonnis falaasama ofii hordofan waan qabaniif, falaasama ofii hordofan irratti hundaa’uun qeeqaf hiika kennaa turanii jiru. Saba kanaaf, hiikni qeeqaf kennamu bara adda adda keessatti adda adda ta’uu akka danda’e beektonni ni ibsu.
    Gocha: 5.2. Yaadota armaan gadiitiif deebii ni ta’a, kan jettu itti yaadi. Waan itti yaaddee hiriyaan kee kan itti yaade wajjin walbira qabuudhaan yaada waljijjiiraa.
  9. Qeeqni ogbarruu jiraachuun barbaachisaadhaa? Maaliif?
  10. Abbumti barbaade qeeqa gaggeessuu ni danda’aa? Maaliif?
    Bara adda addaa keessatti hayyoonni adda addaa akkaataa falaasama hordofaniitiin qeeqa ogbarruutiif hiika adda addaa yaa kennan malee fayida qabeessummaa isaarratti wal diddaan yaada hin turre. Qeeqni ogbarruu nama barreessu, nama dubbisuu fi guddina ogbarruu afaan tokkootiif baay’ee barbaachisaadha. Gama nama barreesutiin wayita laalamu, ciminaa fi hanqina jiru mul’isuudhaan ciminaan akka jajjabeefamu ni taasisa. Laafinni mul’ate immoo hojii itti aanu keessatti akka fooyya’u ykn barreessaan birootis laafina walfakkaatu akka hin uumne gochuudhaan dagaagina ogbarruu biyya tokkootiif gumaacha.
    Gama dubbistootatiinis faayidaa mataa isaa qaba. Namni hundi waan tokko gadifageenya haala walfakkaatuun laaluu hin danda’u. Gadifageenya walfakkaatuun waan laaluu hin dandeenyefis walqixa hubachuu fi dinqisifachuu hin danda’u. Kanaaf, qeeqni ogbarruu tokkorratti kallattii adda addaatiin gaggeeffamu ogbarrichi akka gahuumsaan hubatamu ni taasisu.
    Waan kana ta’eef, qeeqxonni hawaasa dubbisuu fi barreessitoota gidduutti riqicha ta’uudhaan asoosamni/artiin tokko akka haalaan hubatamu taasisuu keessatti gaheen taphatan olaanaadha. Kallattii hojiin artii tokko ittiin xiinxalamuu qabus mul’isuudhaan hawaasa artii adda addaa gahuumsaan dinqisifatu uumuuf ni gumaachu. Kanaaf, qeeqni ogbarruu fi qeeqxxonni barbaachisoodha jedhama.
    Qeeqa ogbarruu abbumti barbaade gaggeessuu hin danda’u. Qeeqa ogbarruu gaggeessuuf waa’ee ogabrruu beekudhaan ala qeeqni akkamitti akka gaggeeffamu beekunis barbaachisaadha. Gabaabummatti ogummaa of danda’eedha jechuun ni danda’ama.
    Gocha: 5.3. Gochoota armaan gadii walduraa duubaan raawwadhu.
  11. Mata duree filadhuutii walaloo tokko barreessi.
  12. Walaloo barreessite dareef dhiheessi.
  13. Ciminaa fi laafina walaloo dareef dhiheessiterratti duubdeebii hiriyootaa fi barsiisaa/tuu keetiin siif kennamurratti yaadannoo qabadhu.
  14. Duubdeebiin arggatte waan si fayyadee/irraabaratte dareef ibsa kenni.
  15. Xiinxallii fi duubdeebiin barsiisaa/tuu keetiin siif kenname qeeqa ogbarruu ta’uu fi dhiisuurratti waan madaalte dareef ibsi.
  16. Yaadannoo qabxii 3ffaarratti qabatte bu’ureeffadhuutii, faayidaa qeeqni qaburratti waan sitti dhagahame dareef ibsi.
    Asoosamni gabaabaan armaan gaditti dhihaatee fi gaffilee itti aananii jeran hubannoo qeeqa ogbarruurratti qabdan isiniif cimsa yaada jedhuun kan dhihaateedha.

JAALLANNEE FI TOLASAA
Guyyaa barattootashee kutaa shanaffaa barsiisuuf daree seente wantisheen ijoolleetti himte soba ture.
Akkuma barsiisota biroo barattoota fuul-dura dhaabbattee ijasaanii keessa ilaalaa marasaaniiyyuu walqixa akka jaallattu dubbatte. Haata’u malee, barattoota kanneen keessaa duubarra kan taa’u barataa maqaansaa Tolasaa jedhamu, kan Jaallanneen jibbitutu ture. Aadde Jaallanneen waggaa tokko dura Tolasaa hordoftee ijoollee biroo waliin kan hin taphanne ta’uu, uffannaan isaa xuraawaafi ciiga’amaa ta’uu hubatte. Jibbiinsi ishee kunis sadarkaa dabtarasaa qalama diimaan booxxa’uufi “dadhabaa” jettee irratti barreessuun ishee gammachiisurraa ga’e.
Mana barumsaa Aadde Jaallanneen barsiistu keessatti faayila barattootaa kan waggoota dabranii sakatta’uun dhimma barsiisoonni raawwachuu qaban ture. Kanaaf, faayila Tolasaa baastee waggoota dabran keessa barataa akkamii akka ture hubatte. Faayilasaa sakattaatee waan hubattes niajaayibsiifatte.
Barsiisaan Tolasaa kutaa tokkoffaatti barsiise, “Tolasaan barataa kormee kolfa jaallatudha. Barataa amala-qabeessa hojiisaa qulqullinaan hojjetudha. Bakka inni jiru gammachuutu jira,” jedhee barreesse.
Barsiistuunsaa kutaa lammaffaa akkana jettee yaadashee kennite, “Tolasaan barnootasaatti baay’ee cimaa, hiryoota isaatiinis jaallatamaadha. Garuu harmeensaa dhukkubsattuu waan taateef ni dhiphata, ni gadda. Mana maatiisaatti haalli jireenyasaas rakkisaa hinta’in hinhafu.”
Yaanni barsiisaansaa kutaa sadaffaa kennemmoo akkana jedha. “Duuti harmeesaa baay’ee isaa jeeqee jira. Hanga dandeettiisaa hojjechuuf ni yaala. Garuu, abbaansaa waan isa hinjaallanneef, tarkaanfiin atattamaa hin fudhatamu yoo ta’e, haalli jireenyasaa naannoo manaa miidhaa guddaa irraan ga’uun waan hin olledha.”
Barsiisaan kutaa afuraffaatti Tolasaa barsiise haala Tolasaan keessa ture akkanatti ibse. “Tolasaan barataa gatamedha. Barnoota hordofuufis fedhii hinqabu. Hiryoota hedduu kan hinqabne qofa osoo hin ta’in, yeroo tokko tokkommoo daree keessatti ni muga.”
Yaada barsiisonnisaa yeroo adda addaa kennan erga dubbistee booda, Aadde Jaalanneen baay’ee gaddite; waan hojjetaa turtettis ni qaanofte. Kan Aaddee Jaallaanneen yoomiyyuu caalaa gaddite guyya ayyaanni waggaa Dhaloota Kiristoos kabajamu ture. Barattoonnishee ayyaana waggaa kana sababeeffatanii kennaa waraqaa miidhagoo fi qulqulluudhaan marame fidanii kennaniif. Tolasaan garuu, amartii madaabii fokkisaa waraqaa xuraawaadhaan maramee fi shittoo irraa dhangala’e kenneef. Aadde Jaallanneen osoo gaddi itti dhaga’amuu kennaasaa hiikte ilaalte.Yemmuu isheen waraqaa kennansaa itti marame hiiktee amartichaafi shitoo walakkaansaa dhangala’e baastu barattoonni hedduun ni kolfan.
Garuu, yeroo Aadde Jaallanneen kolfa barattootaatiif bakka osoo hin kennin amarticha qubatti kaawwattee, shittoosaa hirreesheetti dibataa miidhagina kennaasaa ajaayibsiifattu martinuu ni callisan.
Guyyaa san yeroo barattoonni manasaaniitti galan Aadde Jaallanneen akka harmeesaa durii kan urgooftu ta’uushee itti himuuf Tolasaan boodatti hafe dareedhaa ba’e.”Har’a akkuma harmeekootii urgoofta,”jedheen.
Aadde Jaallanneen guyyaa sana yoo xiqqaate sa’aatii tokkoof teessee boossse.Borumtaasaa dubbisuu, barreessuufi herrega barsiisuu dhiistee ijoollee barsiisaa oolte. Tolasaaf immoo xiyyeeffannaa guddaa kennite.
Akkuma Tolasaa waliin hojjechuu eegalteen sammuusaatti lubbuun deebi’aa waan adeeme itti fakkaate.Yeroo isheen isaa jajjabeessitu innis saffisaan deebii kennuu eegale.Dhuma waggaa sanaatti Tolasaan barattoota cimoo daree keessa jiran keessaa tokko ture.Aadde Jaallanneen,barattootashee mara akka jaallattu,dubbattee kan turte yoo taatellee,Tolasaan barattootashee keessaa hunda caalaa jaallatamaa ta’ee waggaa san xumuree kutaa ja’affaatti tare.Kana booda Aadde Jaallanneen Tolasaa barsiisuuf carraa hinarganne.
Haa ta’u malee, waggaa tokko booda, barsiisota isa barsiisan keessaa Aadde Jaallanneen hunda caalaa jaalatamtuu ta’uushee ibsee xalayaa barreesseef.
Waggaa ja’a turee xalyaa biroo katabeef. Xalayaa kanaanis, barnoota sadarkaa lammaffaa xumuruusaa fi kutaa keessaa sadaffaa ba’uusaa ibseefii ammayyuu barsiisota umurii guutuu isa quunnaman keessaa kan isheedhaan qixxaatu akka hinjirre ragaa ba’eef.
Kana booda, waggaa afur turtee xalayaa biroo argatte.Xalayaan kun haalli yuuniversiitii keessaa hagam rakkisaa ta’ullee, yeroo muraasa booda qabxii olaanaadhaan kan eebbifamu ta’uu ibsa.Kana malees, barsiisota waliin ture keessaa kan hunda caalaa jaallatamtuu t’uushee mirkaneesseef.
Ammas waggaa afur turee xalyaa biroo ergeef. Yeroo kana digirii jalqabaa erga argatee booda, barnootasaa hanga tokko itti fufuuf murteeffachuusaafi ammayyuu barsiisota isa barsiisan keessaa hunda caalaa jaallatamtuufi filatamtuu ta’uushee ibseef. Amma maqaansaas hanga tokko dheeratee barreeffameera. Toasaa Jiraataa, MD.
Oduun kun asirratti hinxumuramu. Kana boodas, xalyayaan Aadde Jaallannee qaqqabe tokko ni jira. Tolasaan xalayaa kanaan kaadhimatee fuudhuuf qophaa`uu isaa ibse. Kana malees, abbaansaa waggoota muraasa dura waan du’eef Aadde Jaallanneen bakka abbaasaa teessee akka isa fuusistu kan afeeru ture.
Aadde Jaallanneenis afeerraasaa kana gammachuudhaan fudhattee bakka cidhasaatti argamte. Amartii madaabii isaa fokkisaa,Tolasaan Guyyaa Dhaloota Kiristoos ishee badhaase san keeyyattee, shittoodhuma inni kenneef sana dibattee isa cina teessee yeroo dheeraaf waliin haasa’aa, bashannanaa erga turanii booda, Dr.Tolasaan Aadde Jaallanneetti akkana jedhee gurratti itti hime. “Aadde Jaallannee, waan na amanteef galatoomi! Ofitti amantaa akkan horadhu, cimaa ta’uukoo akkan hubadhu waan na taasisteef baay’ee galatoomi; dandeettii addaa qabaachuu koo waan daandii natti agarsiisteef galatoomi!”
¬¬Aadde Jaallanneenis, imimmaan roobsaa, deebii kenniteef. Akkana jettee, “Tolasaa, ni dogoggorte. Ani waanan siif godhe hinjiru. Barattota jaallachuu fi barattootaan jaallatamuu akkamitti akkan danda’u situ na barsiise. Siin walarguu kootiin dura akkamitti barsiisuu akkan qabu hin beekun ture. Kanaaf, beekumsa guddaa waan naaf laatteef galatoomi!” (Maddi AfOr 211 durii)
Gocha:5.4 Xiinxallii asoosamichaatiif gaaffilee ka’uumsa marii 1:5f ta’an

  1. Barataa hin barsiifne maaliif hordofte? Sababni dhihaate gahaadhaa?
  2. “Mana barumsaa Aadde Jaallanneen barsiistu keessatti” Kan jedhu kana itti fayyadama afaanitiin yoo laalamu maal jechuu danda’ama? Kallattii Afaanitiin laaluun qeeqa keessatti hammatamuu danda’aa?
  3. Ilaalchi addee jaalanneen Tolasaadhaaf qabdu jijjiramuu isaatiif sababni dhihaate amansiisaadhaa? Maaliif? Dhugaa jiruu fi jireenya keessa jiru wajjin walbira qabuun ibsi.
  4. Yaada, “Tolasaan garuu, amartii madaabii fokkisaa waraqaa xuraawaadhaan maramee fi shittoo irraa dhangala’e kenneef,” jedhu kun, barataa miidhaa turterraa kennamuufii isaa fi gochi Aaddee Jaalannee, “ . . . kolfa barattootaatiif bakka osoo hin kennin amarticha qubatti kaawwattee, shittoosaa hirreesheetti dibataa miidhagina kennaasaa ajaayibsiifattu . . . .” jechuudhaan ibsame hammam amansiisaadha? Maaliif?
  5. Shittoon/urgooftuun irraa dibatamee fi qubeelaan madaabii bara dheeraa dura kennameef yaadatamee guyyaa cidha Tolasaa dhihaachuun isaa hammam amansiisaadha?
  6. Qabxiileen armaan olitti bifa gaaffitin dhihaatan waa’ee maalummaa qeeqa ogbarruu hubachuu keetiif si gargaareraa? Deebiin kee “eeyyee” yoo ta’e akkamitti akka si gargaare hiriyoota keetiif ibsi.
    Gaffilee armaan olitti dhihaatan qeeqa ogbarruu gaggeessuuf gaaffilee ka’uu malaniif fakkeenyaa fi akkamitti akka qeeqamuuf ka’uumsa ta’uu ni danda’u. Dabalataanis, hubannoo qeeqa ogbarruu ni cimsu jedhameet yaadama. Kanaafu, asoosamicha irra deebidhaan sakatta’uudhaan hubannoo argattan cimsuuf waan xiinxaltanirratti 1: 5n mariyadhaa.

Gocha: 5.5. Hojii dhuunfaa

  1. Walaloo jaalattu tokko dareedhaaf dubbisi.
  2. Walaloo dareef dubbiste akka jaalattu kan si taasise maal akka ta’e dareef ibsi.
  3. Walaloo dareef filattee dubbisterratti yaada duub deebii dareerraa dhihaaturratti akkaataa barsiisaan/tuun isin qajeelchuun/tuun mariyadhaa.
  4. Walalicha ilaalchisee mariin booda hubannoo argatterratti gabaasa gabaabaa barreessi.
    5.2. Akaakuwwan Qeeqa Ogbarruu
    Akaakuun qeeqa ogbarruu, akaakuwwan falaasamoota bara adda addaa wajjin walqabata. Boqonnaa sadaffaa kutaa jalqabaa keessatti, waayeen walaloo bakka ka’etti, gosoonni walaloo akka ibsaman ni yaadatta. Akkuma walaloo gosa gosatti qooduuf falaasamoonni bara adda addaa sababa ta’an, gosoonni qeeqa ogbarruutis kan bu’ureeffatan, qabxiidhuma ijoo armaan olitti tuquuf yaalameedha. Bu’uruma kanaan, hayyoonni adda addaa qeeqa ogbarruu bakka adda addaatti qoodudhaan kan ibsuuf yaalan ni jiru. Haaluma kanaan, akkuma armaan olitti tuquuf yaalame qooqni ogbarruu sababoota adda addaatin gosoota adda addaatti qoodama.
    Dimshaashessanii kaasudhaaf kan fedhii keessotiin dhiibamee gaggeeffamuu fi kan beekumsarratti hundaa’e gaggeeffamu jechuudhaan bakka lamatti qooduun ni danda’ama.
    6.2.1. Qeeqa fedhii keessatiin dhiibamuudhaan gaggeeffamu. Qeeqni fedhii keessatiin gaggeefamu kan ogummaarratti hundaa’erraa amala adda ba’ee ittiin beekamu qaba. Akka kan ogummaa bu’ureeffate beekumsa ogbarruutin kan gaggeefamu osoo hin taane miiran waan namatti dhaga’ameerratti hundaa’uun yaada kennamuudha. Kan amala kana qaban bakka adda addaati qoodamu. Isaanis:
    6.2.1.1. Qeeqa ogbarruu salphaa: gosti kun namni kamiyyuu akka itti dhagahametti (akka miirri qajeelchetti) yaada kennuudhaan kan gaggeeffamuudha. Qeeqni akkanaa kun beekumsa ogbarruu fi dandeetti qeeqa gaggeessurratti waan hin hordofneef, qeeqa ogbarruuti jechuun nama rakkisa.
    6.2.1.2. Qeeqa Gaazexaa: kunis akkuma kan armaan olii, kan bu’ureeffatee fi beekumsarratti kan hin hundoofnedha. Amalli addatti ittiin beekamu, meeshaalee sabqunnamtii, gaazexaa,raadiyoo, barruulee fi kan kana fakkaataniin kan dhihaatu ta’uu isaati. Meeshaalee sabqunnamtiitiin kan dhihaatu ta’uun isaa nama baay’ee bira carraa gahuuf carraa qaba. Carraa kana waan qabuuf moggaa tokko qabachuudhaan yaanni loogii fi gartummaa qabuu kan ittiin dhihaachuu danda’uudha. Loogii fi gartummaan kan keessatti mul’achuu danda’u waan ta’eef, walitti bu’iinsaa fi walgoomii hin taaneef sababa ta’uu danda’a.
    Gosti kun gartummaadhaan hojiin kalaqaa tokko fudhatama hin malleef akka argatu yaadamee gaarummaa (cimina hojichaa) hafarsuun meeshaalee sabqunnamtiitiin amala tamsaasuu ni qaba. Faallaa kanaatinis hojii nama tokkoo fudhatama dhabsiisuufis laafina qofaa barbaadudhaan amala dhiheesutis mul’isuu danda’a. Kana yoo jedhamu, fayyaalessummaadhaa hojii artii tokkorratti waan itti dhagahame kan meeshaalee sabqunnamtiitiin dhihaatanis asuma jalatti hammatamu.
    6.2.1.3. Qeeqa Leenjii: Akkaataa qeeqni ittiin gaggeeffamurratti leenjii kennuuf kan raawwatamuudha. Fakkeenyaaf, walaloo, asoosamoota, ogdoow’ii fi kkf. akka madaalaman kaadhimamtoota barsiisotaatiif kennaman kana jalatti ramadamu. Leenjitoota qeeqa ogbaruutin kan gaggeeffamanis kanuma jalatti kan ramadamaniidha. Sababni isaa hayyummaa ogumichaarratti kan hundaa’e osoo hin taane, hubannoo ogummichaa argachuuf kan gaggeeffamu waan ta’eefi.

6.2.2. Ogummaa kan bu’ureeffate: Qeeqni ogummaa bu’ureeffate beekumsa ogbarruu fi dandeettii hojii artii qeequu qabaachudhaan kan gaggeeffamuudha. Gosti qeeqaa kun kallattii irratti xiyyeeffaturratti hundaa’ee kan qoqqoodamuu danda’uudha.
6.2.2.1. Qeeqa Safuu: Moral Criticism: Gosti qeeqa ogbarruu kun umrii dheeraa kan qabuudha. Xiyyeeffannaan isaas, akkaataa hojiin artii tokko itti dhihaaterratti osoo hin taane, qabiyyee ykn. dhimma dabarsuu barbaadamerratti. Qeeqaa (critic) gosa kanaatis kan irra caalaa dhiphisuu fi kan irratti xiyyeeffatus akkamitti dhihaatee osoo hin ta’in maaltu dhihaatedha.
Gosti qeeqa ogbarruu kun ciminaa fi laafina hojii ogbarruu tokkoo kan madaalu, safuu fi duudhaa hawaasichaa hammam calaqqisiise madaala jedhuuni. Keessoo namaa hubachiisuu hagam danda’eera? Gaaffii jedhuuf deebii kennuun madaalama. Adaafi haala jireenya hawaasichaa haalan ibsuu isaatitu ogbarruu gaarii isa jechisiisa. Duudhaa hawaasicha barsiisuuf hammam gumaachera? Safuu hawaasichaa mul’iseeraa? fi kan kana fakkaatan calaqisiisuu isaa kan safaruudha.
6.2.2.2. Qeeqa akkeessa uumamaa (Mimetic Criticism): Gosti qeeqa ogbarruu kun gaarummaa ogbarrichaa kan murteessu waan uumamaan jiru akkuma jirutti ibsuu danda’uu isaatin. Qeeqxonni yaada kan xiyyeeffatan, kan sakatta’an uumama haalan ibsuu ogbaruuti.
6.2.2.3. Qeeqa Unkaa (formal Criticism): Gosti qeeqa ogbarruu kun xiinxala mara hojii ogbarruu xiinxalamurratti qofa taasisa. Ogbarichi kan xiinxalamu akkaataa itti dhihaaterratti xiyyeefatchuudhaani. Ijaarsi jaargochaa, haali qooddattoonni itti dhihaatan, jalqabbii fi guddina walitti bu’iinsaa fi kan kana fakkaatan, ciminaa fi laafina qaban sakatta’urratti xiyyeeffata. Fakkenyaaf qooddattoota asoosama dheeraa tokkoo fudhachuudhaan akkaataa asosessaan itti dhiheesse kan sakatta’u taanaan gosa kana jalatti ramadama. Qeeqni ogummaa qeequu bu’ureeffatee gaggeeffamu kanneen ibsaman kana qofaa miti. Gosa adda addaa akka qabu hubannoo uumudhaaf kanneen eeraman gahoodha jedhameet yaadama.
Gocha: 5.6. Cimdeessuu –Qooduu

  1. Barbaachisummaa qeeqa ogbarru waan hubatte yaadachuu yaali. Hubannoo kee kan hiriyaa keetii wajjin walbira qabuun irratti mariyaddhaa.
  2. Waayee qeeqa ogbarruu barachuun kee akka nama ogummaa barsiisummaatiif qophaa’uu tokkootti maal na fayyada jettee yaadda.
  3. Barbaachisummaa qeeqqa ogbarruu ibsuudhaa asoosama dubbiste akka fakkenyaatti fudhachuudhaan ibsi.
  4. Namni qeeqa gaggeessu jiru tokko dursee maal gochuu qaba jetta? Maaliif?
  5. Qeeqaan ogbarru nama akkamii ta’uu qabaata jetta? Maaliif?

Gocha: 5.7. Proojaktii I

  1. Asoosama gabaabaa tokko filachuudhaan 1:5 keessaniin ulaagaa asoosama gabaabatiin ciminaafi laafina isaa addaan baasuun waan irra geessan barreeffamaan barsiisaa/tuu akkasumas dareef gabaasaa diyeessaa.
  2. Gabaasni garee adda addaati dhihaate hammam gadifageenya akka qabuu fi hojii ogbarruu madaalamee ibsuu akka danda’e yaada waliif kennaa.

Wabiilee
Ann, Beverly Chin. 2002. Litrature, The Readers Choice. New York: McGraw Hiill.
Biiroo Barnootaa Oromiyaa. 2001. Mojuula “BU`UURAALEE BARNOOTA AFAAN OROMOO” Hidhaa Sadaffaa ( AfOr 211)
Fedhaa Nagaasaa .2001. Fuulleeffannaa Og-barruu Afaan Oromoo. Amalootafi Faayidaa Afoolaa. Hidhaa 3ffaa. Finfinnee: M.M. Alem
Finnegon, Rutn.1970. OralLiterature in Africa. London: Oxford University press.
Htt://dlibrary,acu.edu.au/staffhome/siryan/academy/foundation
http://classiclit.about.com/od/literaryterms/g/aa whatisliter.htm
http://en.wikipedia.org/wiki/Drama
http://en.wikipedia.org/wiki/Literary_criticism
http://literarydevices.net/point-of-view/
http://rafiq23.hubpages.com/hub/Definition-Elements-of-a-Novel
http://rinieliya.blogspot.com/2012/12/element-of-prose-fiction.html
http://users.aber.ac.uk/jmp/ellsa/ellsa_elements.html
http://writingcommons.org/open-text/genres/academic-writing/literary-criticism/28-literary-criticism
http://www.britannica.com/EBchecked/topic/343487/literary-criticism
http://www.britannica.com/EBchecked/topic/343579/literature/51314/Satire#ref506032
http://www.eng.fju.edu.tw/English_Literature/terms/denotation.htm
http://WWW.learner.Org/interactives/literature/read/pov2.html
http://www.roanestate.edu/owl/elementslit.html
Kumsaa Burraayyuu. 1999. Suuraa Abdii. Finfinnee: Mana Maxxansaa Daldalaa.
Literary Criticism Collection http://www.ipl.org/div/litcrit/
Melakneh Mengstu. 2006. Fundamentals Of Literature ,Third Impression Addis Abeba: A.A.U.
Melakneh Mengstu.1992. Fundamentals Of Literature For Collages Secord impression. Addis Abeba: KCTE.
Microsoft® Encarta® Encyclopedia 2002. © 1993-2001 Microsoft Corporation.
Ministeera Barnootaa. PROJECT 17,000, Yaadrime Ogwalaloo, Hidhaa Tokkoffaa. Finfinnee: Dhaabbata Omishaa fi Tamsaasa Meshaalee Barnootaa.
Ministeera Barnootaa. Projekttii 17,000, Asoosama Dhangala’aa Oromoo, Hidhaa 1ffaa. Finfinnee: United Printers, Educational Media Agency
Ministeera Barnootaa. Projekttii 17,000, Yaadrime Ogwalaloo fi Gosoota Isaa, Hidhaa Lammaffaa. Finfinnee: Dhaabbata Omishaa fi Tamsaasa Meshaalee Barnootaa.
Sherman, Marilyn.1990. English Program, Reading Literature , Blue Level. New York: McDougal, Little & Company.
Sumner,Claude. 1996. Proverbs, Songs, Folktales. An Anthology Of Oromo Literature. Addis,Ababa: Gudina Tumsa Foundation,.
The World Book Encyclopedia part10.pp 4495-4510
The World Book Encyclopedia v.12, 1994, pp. 351 – 358
The World Book Encyclopedia v4, 1994, pp. 1146 -1147
Wellek,R and Austin,W.19700. Thery Of Literature Harmonds work. penguin Books Ltd
Zawudee Taaddasaa.2001. Fuulleeffannaa Og-barruu Afaan Oromoo. Gosoota Afoola Afaan Oromoo. Hidhaa 4ffaa. Finfinnee: M.M.Alem.
ዘሪሁን አስፋው፡፡ 1998፡፡ የስነጽሑፍ መሰረታውያን፡፡ አዲስ አበባ፤ንግድ ማተሚያ ቤት::
ፈቃደ አዘዘ፡፡ 1985፡፡ ስነቃል፡፡ አዲስ አበባ፤

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.