Basic Biology I – Biol 201

Maqaa koorsii: Baayoloojii Bu’uuraa
Kooddii koorsii: Bio 201
Kiredit haawarii: 4
Kontaakti haawarii: 7(fuulaa fuulatti sa’a 4 fi Laaboraatoorii sa’a 3)
Koorsii dureen barbaachisu: BNSC 101 fi BNSC 102
Barattoota barachuu qaban: Barattoota dippiloomaa Herregaa fi S/Naannoo 1-4
Barsiisan (Generalist).

Kaayyoo koorsichaa: Kaadhimamtootni, dhuma barnoota kanaa irratti:
 Hiika baayoloojii ni himu
 Birkiilee baayolojii fi kanneen isaan qo’atan ni addeessu
 Tartiiba mala Saayinsaawaa addaan baafattu.
 Hariiroo baayoloojiin Saayinsii biro wajjin qabu ni ibsitu.
 Faayidaa baayoloojiin dhala namaatiif qabu ni ibsitu.
 Amaloota lubbu qabeeyyiin waliin qaban ni tarreessitu
 Maayikirooskooppii itti fayyadamuu ni danda’u.
 Dhangaalee nyaataa namaaf barbaachisan ni tarreessu akkasumas madda isaanii ni beeku.
 Caasaalee sirna bullaa’insa soorataa, hargansuu fi marsaa dhiigaa ni ibsu.
 Pirinsipiloota ramaddii lubbu-qabeeyyii fi sirna ramaddii mootummaa shanii ni ibsu.
 Sadarkaa organizimii tokko fi Uummataatti
 Sadarkaa qaamaa fi tishuutti
 Sadarkaa tokko tokkoo seelotaa fi
 Keemikaalota lubbu qabeeyyonni irraa ijaaraman itti qu’annoo gaggeesse
 Elementoota, qaama lubbu qabeeyyii keessatti argaman ni tarreessitu.
 Faayidaa bishaan lubbu-qabeeyyiif qabu ni tarreessitu
 Amaloota fiizikaalaa fi kemkaalaa bishaanii ni ibsitu.
 Faayidaa kaarboohaayidireetii ni ibsitu.
 Kaarboo haayidireetota ni ramaddu
 Amala lippiidonni waliin qaban ni ibsitu.
 Faayidaa lippiidotaa ni ibsitu
 Ruqoolee faatii himbaasawaa ni tarreessitu
 Amala foosfoolippiidii ni ibsitu
 Faayidaa pirootizimi ni ibsitu
 Pirootinii ni ramaddu
 Caasaalee pirootinii tarreessuun ni ibsitu
 Ruqoolee niwukilotaayidii ni tarreessitu
 Faayidaa asidota niwukilikii ni ibsitu
 Faayidaa Vitaaminootaa ni ibsitu.
 Faayidaa albuudonni lubbu qabeeyyiif qaban ni ibsitu.
 Tiwoorii seelii ni ibsitu.
 Maloota seeliin ittiin qo’ataman niibsitu
 Garaagarummaa seelii pirookaariyootaa fi iyukaariyoota gidduu jiru addaan baaftu.
 Ijaarsa Caasaa fi dalagaa seelii ni qorattu.
 Sirna geejjiba seelii keessatti ta’an addaan baafattu.
 Gurmaa’ina caasaa lubbu qabeeyyii ni ibsitu
 Dalagaa Inzaayimootaa fi akkaataa isaani itti hojjatan ni ibsitu.
 Faayidaa inzaayimoonni adeemsota baayolojikaalaa itti si’eessan ni ibsitu.
 Tai’iiwwan dalagaa infaayimii daangessan tarreessuun ni ibsitu.
 Faayidaa inzaayimoonni Indastirii, Faayaa fi KK.F keessatti qaban ni dinqisiifattu.
 Amaloota inzaayimii ni tarreessitu.
 Barbaachisummaa ramaddii lubbuqabeeyyii ni hubatu
 Mootummaa Moneeraa, Pirotiistaa, Fangayii ibsuun fakkeenya ni kennu
 Mootummaa biqilootaa ni qayyabatu
 Gita mootummaa biqilootaa gurguddoo adda baasuun fakkeenya isaanii waliin ni ibsu
 Mootummaa bineeldotaa ni qayyabatu
 Mootummaa bineeldotaa lafee qabeeyyii fi lafee dhabeeyyii gargar ni qoodu.
 Sirna qoodinsa mootummaa shanii ni ibsu.
 Tokkoo tokkoo mootummaa shananii kan akka Moneera, pirootistaa, fangaayii, biqilootaa fi bineeldotaa faakkeenya isaanii waliin ibsu
 Murna mootummaa biqilootaa gurguddoo ni tarreessu
 Murna mootummaa biqiloota gurguddoo ni ibsu
 Murna bineeldotaa lafee dhabeeyyii fi lafee qabeeyyiitti adda ni qoodu.
 Bineeldota lafe qabeeyyii gita shanitti ni qoodu
 Fakkeenya bineeldota lafee qabeeyyii gita shananii ni tarreessu

BOQONNAA TOKKO

  1. SAAYINSII BAAYOLOOJII KAAYYOO BOQONNAA:-
    Leenjifamtootni Dhuma boqonnaa kanaatti:
     Hiika baayoloojii ni himu.
     Dameelee baayolojii ni tarreessu
     Meeshaalee laaboraatoorii fi daawwii dirree ni tarreessu.
     Hariiroo baayoloojiin damee Saayinsii biroo wajjin qabu ni ibsu.
     Bu’aa dinagdee baayoloojiin ilma namaatiif qabu ni calaqqisiisu.
    SEENSA
    Baayolojiin dameelee saayinsii hedduu keessaa isa tokko yeroo ta’u innis waa’ee ruqoolee uumamaa ykn lubbu qabeeyyii kan qo’atu dha. Boqonnaa kana keessatti bal’inaan waa’ee hiikkaa baayloojii, babal’ina baayoloojii, ga’ee baayoloojiin dhala namaatiif qabuu, hariiroo baayoloojiin gosa barnoota saayinsii biroo waliin qabu, meeshaalee saayintistootaa kanneen mana yaalii keessaa fi daawwii dirree kan baratamu yammuu ta’u dhuma irratti shaakala adda addaa ni hojjettu.

1.1. Hiikaa Baayoloojii
Gaaffii shaakalaa
Jechi Baayoloojii jedhu eessaa dhufe?
Garee keessan keessatti waliin ta’uun maalummaa Baayoloojii irratti mari’achuun daree keessaniif gabaasa kennaa.

Baayoloojiin “Saayinsii lubbuu” jedhamee fudhatama. Jechi baayoloojii jechoota Giriikii lama irraa kan argame yemmuu ta’u isaanis “baayoo” fi” loogoosii” dha.
 Baayoo jechuun “lubbuu”,jechuu yeroo ta’u,
 loogoos jechuun immoo “qo’annoo” jechuudha.
 Kanaafuu, jechi baayoloojii jedhu damee Saayinsii Uumamaa ta’ee. waa’ee lubbuu fi lubbu qabeeyyii gadi fageenyaan kan qu’atuudha. Akkasumas yeroo tokko tokko Barnoonni baayoloojii Saayinsii lubbuu jedhamees ni waamama.

Walumaagalatti, baayoloojiin dame saayinsii uumamaa ta’ee waa’ee
 Babal’ina lubbu qabeeyyii
 Ijaarsa caaseffamaa fi dalagaa lubbu qabeeyyii
 Guddina, dagaagina, wal-hormaataa fi meetaabolisimii lubbu qabeeyyii
 Hariiroo lubbu qabeeyyiin tokko lubbu qabeeyyii bioo fi naannoo isaanii waliin qaban kan qu’atuu dha.
Kitaabilee wabii dubbisuun waa’ee Baayoloojii irratti yaada dabalataa dhiheessaa.

1.2. Babal’inaa fi dameewwan Baayoloojii
Kaadhimamtoota leenjifamtootaa! Lubbu qabeeyyiin lafa irratti argaman gosaa fi sanyiin hangam akka ta’an beektu? Mee hanga dandeessan tarreessaa.
Gaariidha. Wantoonni lubbuu qaban lakkoofsaan hedduu dha. Sanyiin isaaniis dachee kana irratti bal’inaan tamsa’anii argamu Kanaafuu, Baayoloojiin isaan qu’atus akkasuma bal’aa dha. Baayoloojiin lubbu qabeeyyii kana gad fageenyaan qorachuuf dame adda addaatti qoodama.

Haaluma kanaan baayoloojiin lubbu qabeeyyii:
 Sadarkaa organizimii tokko fi Uummataatti
 Sadarkaa qaamaa fi tishuutti
 Sadarkaa seelotaa fi
 Keemikaalota lubbu qabeeyyonni irraa ijaaraman irratti qu’annoo gaggeesse.
Waa’ee lubbu qabeeyyi bal’inaa fi gad fageenyaan qorachuuf akka tolutti, Baayoloojiin dameelee adda addaatti qoodama.
A. Garee lubbu qabeeyyii gurguddoo qu’atamanii irratti hundaa’uun
Zu’oloojii – qu’annoo bineeldotaa
Bootaanii – qu’annoo saayinsii biqilootaa
Maayikiroo baayoloojii – qu’annoo orgaanizimoota ijaan hin mul’annee
Intoomoloojii – qu’annaa ilbiisotaa
Maayikoolojii – qu’annaa fangasootaa
Parasitoloojii – qu’annoo maxxantootaa
B. Caasaa ykn tooftaa qu’annoo Orgaanizimootaa irratti hundaa’uun
Morfooloojii – qu’annoo bocaa
Anaatoomii – qu’annoo keessa nafaa
Fiziyooloojii – qu’annoo dalagaa qaamaa
Taksoonoomii – qu’annoo ramaddii lubbu qabeeyyii
Saayitooloojii – qu’annoo seelotaa
Imbiriyolojii – qu’annoo miciree
Paalentoloojii -qo’annoo haftee lubbu qabeeyyii
Ikoloojii -qo’annoo hariiroo wal xaxaa lubbu qabeeyyii fi naannoo isaanii
Vaayiroloojii – qo’annoo waa’ee vaayirasii
Algoloojii – qo’annoo waa’ee saphaphuu

Gocha: kaadhimamtootaa, tokko shanee keessan waliin ta’uun dameelee baayoloojii kan biroo kan akka jenetiksii, maayoloojii, ivoluushinii irratti mari’achuun maal akka ta’anii fi waa’ee maalii akka qo’atan daree keessaniif ibsa.

1.3. Hariiroo Baayoloojiin Saayinsii Biroo Wajjin Qabu
Akkuma barnoota gosa biro baayoloojiin of danda’ee kan dhaabbatu yoo ta’ullee guddachuu fi faayidaa adda addaaf ooluu kan danda’u barnoota biro waliin ta’eeti kana waan ta’eefis baayoloojiin gosa barnoota tokko tokko wajjin hariiroo cimaa fi kallatti ta’e yoo qabaatu isaan biro wajjin immoo hariiroo cinagalaa Uuma.
Kanaafuu, baayoloojiin beekumsa barnoota akka keemistirii, mala jireenyaa, afaan, herreega ji’ogiraafii fi kan kana fakkaatan wajjin hariiroo fi qunnamtii qaba.

Fakkii 1: 1 Hariiroo barnootni Baayoloojiin barnoota biroo waliin qaban

Fakkii armaan olii irraa kan hubannu Baayolojiin Keemistirii fi Fiiziksii waliin hariiroo akka qabuu dha. Kunis kallattii garaa garaan agarsiifamuu danda’a.

Gocha. Mee dhuunfaadhaan hariiroo Baayoloojiin keemistirii fi fiiziksii waliin qabu maaliin akka ta’e erga shaakaltee booda gareennimmoo irratti mari’adha.
Gocha. Gosa barnoota ykn saayinsii biro fakkeenyaaf
• Saayinsii hawaasaa
• Qonnaa
• Fayyaa
• Palentooloojii fi kkf erga tarreessiteen booda akkaataa isaan barnoota baayoloojii wajjin hariiroo itti uumuu danda’an daree keetiif gabaasa dhiheessi.
1.4. Ga’ee baayoloojiin Jireenya Dhala namaa keessatti qabu
Barnoota baayoloojii maaliif barannaa?
Mee sababoota ni ta’u jettee kan yaaddu tarreessi.
Baayoloojiin muuxannoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti baay’ee walitti hidhamee jira. Baayoloojii akka barnoota Saayinsii tokkootti barachuun beekumsa waliigalaa guddifachuu qofa osoo hin ta’in rakkoolee hawaasummaa hiikuufi jireenya fooyyessuu keessatti qooda ykn gahee guddaa qaba.
Beekumsaa fi argannoo baayoloojiitiin:-
 Nyaata biqiloota irraa oomishaman dabaluu fi guddisuun ni danda’ama.
 Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun jijjiirraa amalaa fiduu.
 Qabeenya Uumamaa sirnaan qabachuu fi itti fayyadamu barsiisuu.
 Mala Saayinsaawaa faalama naannoo ittiin ittisan barachuu.
 Rakkina beelaa fi baay’ina Uummataa furuuf .
 Dhukkuboota daddarboo kanneen akka HIV/Eedsii, busaa, golfaa, cophxoo, fanxoo fi kkf irraa tooftaa ittiin of eeggatan oggummaa isaa gonfachuuf

Hojii Piroojeektii

  1. Mee faayidaa biroo barnoonni baayoloojii naannoo keessatti qabu tarreessaa.
    1. Barattoota, faayidaa baayoloojiin kennu bal’aa ta’anillee kanneen muraasa ta’an
      kanneen armaan gadii
      i – fayyaa keessatti
      ii – kunuunsa naannoo keessatti
      iii – Qonna keessatti
      iv – Industirii keessatti kan jedhan fudhachuu dhaan kitaaba wabii ykn ogeessa gaafachuu dhaan gabaasa qopheesssuun hiriyoota daree kee wajjin irratti mari’adhaa.

1.5. Meeshaalee Bu’uuraa Baayoloojistootaa

Baayoloojistootni namoota waa’ee Baayoloojii ykn lubbu qabeeyyii qoratanii dha. Baayoloojiin immoo saayinsii waa’ee lubbu qabeeyyii qoratuu dha.

Gocha

  1. Leenjifamtootaa; mee barnoota keessan darban keessatti kan hubattan maqaa Baayoloojistootaa fi ga’ee isaan barnoota kana keessatti qaban irratti garee keessaniin mari’achuun dareef gabaasaa.
  2. Kitaabilee wabii dubbisuun hojii namootni armaan gadii guddina baayoloojii keessatti qaban dubbisuun dareef dhiyeessa.
    A. Kaarlos Linaayis B. M.J.Sheliiden C. Aristootil D. Antooni V.Lewaanhuuk
    E. R.Hook F. Luwis Paaster G. Laazaaroo Ispalanzaanii

Baayoloojistootni waa’ee lubbu qabeeyyii yeroo qoratan meeshaalee garaa garaa fayyadamu. Meeshaaleen kunis kanneen mana yaalii ykn laaboraatoorii keessatti fayyadamanii fi daawwii dirree (Field trip) irratti fayyadamanii dha.

Meeshaalee mana yaalii keessaa (Laboratory Equipments)
Barnootni Baayoloojii, barnoota qabatamaan baratamuu qabuu dha.
Barattootaa! Mana yaalii seentanii beektuu? Mee waan argitan garee keessan keessatti mari’adhaa.

Fakkii 1:2. Meeshaalee mana yaalii
Meeshaaleen mana yaalii Baayoloojii keessatti argaman
 Maayikrooskoppii
 Leensii harkaa
 Ujummoo yaalii
 Cophsituu
 Ri’eejantoota
Gocha: Seerota of eeggannoo mana yaalii (Safety rules) maal faa dha?
Meeshaalee mana yaalii kanneen biro hafan tarreessaa.
 Maayikrooskoppiin meeshaa wantoota ija qullaan hin mul’atne guddisee kan agarsiisuu dha.
 Maayikrooskoppiin gosoota garaa garaatu jiru. Isaanis salphaa, kompaawundii, elektiroonawaa, ifaan kan hojjetuu fi kkf dha.
 Mee gosoota maayikrooskoppii armaan gadii ilaaluun gosa isa kam akka ta’e addaan baasaa.

Fakkii 1:3 Maayikrooskoppii
Maayikrooskoppiin qaamolee garaa garaa qaba. Isaanis fakkii armaan gadii irraa ilaaluun dalagaa isaanii irratti mari’adha.


Fakkii 1:4. Qaamolee Maayikrooskoppii
Meeshaaleen Baayoloojii daawwii dirree irratti fayyadamnu hoo beektuu laata? Mee gareedhaan irratti mari’adha.

Boqonnaa Lama

  1. Molokiloota Baayoloojikaalawaa
    Kaayyoo Boqonnichaa
    Xumura boqonnaa kanaatti:-
    • Elementoota, qaama lubbu qabeeyyii keessatti argaman ni tarreessitu.
    • Amaloota fiizikaalaa fi kemikaalaa bishaanii ni ibsitu.
    • Faayidaa albuudonni lubbu qabeeyyiif qaban ni ibsitu.
    • Garee maa’ibaastotaa walnyaatinsa kompaawundoota orgaanikii keessatti hirmaatan ni tarreessitu.
    • Kaarboo haayidireetota ni ramaddu
    • Amala lippiidonni waliin qaban ni ibsitu.
    • Faayidaa lippiidotaa ni ibsitu
    • Amala foosfoolippiidii ni ibsitu
    • Pirootiinii ni ramaddu
    • Caasaalee pirootiinii ni ibsitu
    • Ruqoolee niwukilotaayidii ni tarreessitu
    • Faayidaa asiidota niwukilikii ni ibsitu
    • Faayidaa Vitaaminootaa ni ibsitu.
    2.1. Molokiloota In-orgaanikii
     Molokiloonni in-orgaanikii qaama lubbu-qabeeyii keessatti argaman bishaanii fi albuudota dha.
    A/ Albuudota
     Nyaanni nuti nyaannuu fi bishaan nuti dhuugnu dabalataan wantoota qaamaaf barbaachisoo ta’an kanneen biros of keessaa qaba.
     Wantoota kanneen keessaa tokko albuudota.
     Qaamni ashaboolee albuudotaa kompaawundoota kaawwan caalaa hamma baay’ee xiqqaa ta’een barbaada.
     Ashabooleen albuudotaa qaamni hojii isaa haala gaariin akka hojjatuuf fayyadu.
     Albuudonni anniisaa qaamaaf hinkennan. Haata’u malee utuu muraasni isaanii nyaata keessaa gonkumaa kan dhabaman ta’e mudaan adda addaa qaama keessatti ni uumama.
     Mudaan kun dhukkuboota hammeenya qaban fida.
     Dhukkuboonni hanqina albuudotaatiin dhufan kun dhukkuba hanqina nyaataa (deffciency diseases) jedhamu.
    Gaaffii: – 1. Albuudota (elementoota) dalagaa qaamaatiif barbaachisan tarreessuun
    faayidaa isaanii ibsi
    2. Dhukkuba hanqina albuudota gara garaatiin dhufu tarreessuun sababa isaa
    ibsi
    Gabateen armaan gadii albuudota (elementoota) qaamaaf barbaachisan, dalagaa isaanii fi dhukkuba hanqina isaaniitiin dhufan agarsiisa.
    Albuuda Madda nyaataa albuudichaan badhaadhe Faayidaa albuudichaa Dhukkuba hanqina albuudichaatiin dhufu
    Ayirenii(Fe) Tiruu,Killee,Foon,Xaafii -hemogiloobiinnii
    uumuuf Hir’ina dhiigaa(Anaemia)
    Kaalseyemii(Ca) Aanan, qurxummii, “cheese” -Jabina lafee fi Ilkaanii
    -Dhiigni akka ititu godha -Lallaafinsa lafee fi Ilkaanii(Rikkeetisii)
    -Dhiigni dafee ititu dhabuu
    Ayoodiinii(I) -Qurxummii,
    ashaboo ayoodiinii qabu -Oomisha hormoonii
    Taaytiroksiinii Wucuba (Goiter)
    Foosfarasii(P) Foon,nyaata garagaraa -Jabina lafee, Oomisha ATP Dhibee Rikkeetis jedhamu/Jabina dhabuu lafee

2.1.1. Elementoota qaama lubbu-qabeeyyii keessatti argaman
 Elementoota tilmaamaan 116 ta’an keessaa kanneen lubbu qabeeyyii keessatti argaman 16 ta’u.
 Elementoonni afran qaama lubbu-qabeeyyii keessatti argaman
• hayidiroojiinii,
• kaarbanii,
• oksijiinii fi
• Naayitiroojiinii dha.
 Elementoonni kun salfarii fi foosfarasii wajjiin ta’uun atomoota qaama lubbu-qabeeyyii keessaatti argaman keessaa % 99 ta’u

Gabatee 2.1. Elementoota qaama lubbu qabeeyii keessatti argaman.

Elementoota
Heddumminaan argaman

Ayoonota Elementoota xiqqeennaan rgaman

  • Hayidiroojiinii (H)
  • Kaarbanii (C)
  • Naayitiroojiinii(N)
  • Oksijiinii (O)
  • Foosfarasii (P)
  • Salfarii(S) Na+
    Mg2+
    Cl-
    K+
    Ca++ – Mangaanisii (Ma)
  • Ayiranii (Fe)
  • Koobaltii (Co)
  • Koopparii (Cu)
  • Ziinkii (Zn) b/ Bishaan
     Bishaan malee lubbu-qabeeyyiin dachee irra jiraachuu hin danda’an.
     Ulfaatina qaama lubbu-qabeeyyii keessaa %65 – 95 ta’a.
     Molokiliin bishaan atomoota hayidiroojiinii lamaa fi atomii oksijiin tokkorraa uumama.
     Hidhoon hayidiroojiinii fi oksijiinii giddutti uumamu hidhoo koovaalaantiiti.
     Oksijiiniin elektiroo nageetiviitii guddaa waan qabuuf dandeettii elektiroonii atomii hayidiroojiinii gara ofiitti harkisuu guddaa qaba.
     Molokilii bishaan keessatti oksijiiniin chaarjii negaativii xiqqaa yoo baatu, atomoonni hayidiroojiinii lamaan immoo chaarjii pozaativii xiqqaa baatu kanarraa kan ka’e bishaan molokilii bantawaa (poolaraa’aa) dha.
     Molokiloonni bishaanii bantaawaa waan ta’aniif walharkisu. Kanaafuu hidhoo isaan giddutti uumama. Hidhoon kun hidhoo hayidiroojiinii jedhama. Fakkii 2:1 : Molokilii bishaanii


  •  Bishaan qabiyyee seelii lubbu qabeeyyii keessaa kompaawundii baay’ee barbaachisaa ta’e dha. Kana malee lubbu qabeeyyii isa keessa jiraataniif naannoo jireenyaa mijataa ta’e uuma.
    2.1.2. Amaloota Fiizikaala bishaanii
     Amaloota bishaan hedduuf sababa kan ta’an, hamma xiqqaa qabaachuu, bantawaa (poolaraa’aa) ta’uu fi hidhoo hayidiroojiinii molokiloota isaa giddutti argamani.
     Amaloonni fiizikaalaa bishaanii beekamoo ta’an kanneen armaan gadiiiti
    Amala bulbulummaa (solvent properties)
     Bishaan bulbulaa gaarii wantoota bantaawaati. Kunis kompaawundoota ayoona’aa kan akka ashaboolee fi wantoota ayoona’aa hin ta’in muraasa kan sukkaara dabalata.
     Wantoonni bishaan keessatti yemmuu bulbulaman, ayoononni yookiin molokiloonni bilisaan waan socho’aniif yeroo jajjaboon jiran caalaa walnyaatinsa keemkaalaa keessatti qooda fudhatu.
     Kana waan ta’e walnyaatinsi keemkaalaa seelii keessatti kan raawwatamu bulbula bishaanii keessatti.
     Molokiloonni miti-poolaraa’aan (bantawaa) hin ta’iin kanneen akka lippiidota bishaan keessatti hin bulbulaman.
    Dandeettii hoo’uu gudda qabaachuu (High heat capacity)
     Dandeettiin hoo’uu bishaanii hamma hoo’aa tempireechara bishaan kiilogiraama tokkoo (1kg) oC tokkoon dabaluuf yookiin ol kaasuuf barbaachisuu dha.
     Bishaan dandeettii hoo’aa guddaa qaba. Kana jechuun aniisaan hoo’aa guddaan yemmuu dabalamuu, tempireecharri bishaanii hamma xiqqaadhaan dabala.
     Kun kan ta’u danda’eef anniisaan harki caalaan hidhoo hayidiroojiinii molokiloota bishaan giddu jiru caccabsuuf waan baraaxa’uufi.
     Bishaan dandeettii hoo’uu guddaa waan qabuuf jijjiiramni teempireecharaa bishaan keessaa xiqqaa dha.
     Haalli kun lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraataniif gaarii dha. Sababnis jijjiirama teempireecharaatiin hin jeeqamani.
    Hoo’a hurkaa guddaa qabaachuu (High heat of vaporization)
     Hoo’i hurkaa hamma anniisaa hoo’aa bishaan dhangala’oo gara gaasiitti (hurkaatti) jijjiiruuf barbaachisuu dha.
     Bishaan gara hurkaatti jijjiiramuuf anniisaa hoo’aa guddaa barbaada. Kunis hidhoo hayidiroojiinii qabaachuu irraa kan ka’e dha. Kanarraa kan ka’e bishaan qabxii danfinaa baay’ee guddaa ta’e qaba. (100 oC).
     Annisaa bishaan harkisiisuuf gara bishaaniitti, yemmuu naannoorra dabru, naannoo sun ni qabbanaawa.
     Fakkeenyaaf yeroo dafqi qaama keenyarraa hurku qaamni keenya ni qabbanaawa. Sababnis hoo’ii guddaan dafqa wajjiin gara alaatti waan bahuufi
    Hoo’a baqiinsaa guddaa qabaachuu (high heat of fusion)
     Hoo’i baqiinsa hamma anniisaa hoo’aa cabbii gara bishaan dhangala’ootti jijjiiruuf barbaachisuudha.
     Bishaan bifa cabbiitiin jiru gara bifa dhangala’ootti jijjiiruuf anniisaa guddaa barbaachisa.
     Bishaan dhangala’oon gara cabbiitti geeddaramuuf immoo anniisaan hoo’aa guddaan bishaan keessaa bahuu qaba.
    Rukinnaa fi amala cabbaa’uu bishaanii
     Rukinni cabbii rukina bishaan dhangala’ootii gadi. Kanaafuu cabbiin bishaan irra bololi’a.
     Yemmuu bishaan cabbaa’u cabbiin jalqaba kan uumamtu gubbaa bishaanii irratti.
     Uutuu cabbiin gara jala bishaaniitii kanu uumamu ta’e lubbu qabeeyyiin bishaan keessaa jiraachuu hin danda’an.
     Bishaan gubbaarratti uumamuun cabbii carraan jiraachuu lubbu qabeeyyii bishaan keessaa akka dabalu taasisa.
    Amala keemkaalaa bishaanii:-
     Bishaan walnyaatinsa keemkaalaa meetabolizimii keessatti qooda fudhata.
     Fakkeenyaaf adeemsa Fotosenteesisii keessatti madda hayidiroojiniiti.
    Faayidaa bishaan qaama lubbu qabeeyyi keessatti qabu
    o Orgaanizimoota bishaan keessaa utubuun akka isaan bishaan daakan gargaara.
    o Fartilaayizeeshiiniin keessatti gaggeffama.
    o Fotosenteesisii keessatti qooda fudhata.
    o Ayoonota inorgaanikii fi kompaawundoota orgaanikii qaama biqilootaa keessa geejjiba.
    o Muta’uu sanyiitiif barbaachisa
    o Sirna marsaa dhiigaa, sirna limfaatikii fi sirna usaansaa bineeldotaa keessatti wantoota geejjiba.
    Gaaffii: – Faayidaa bishaan lubbu-qabeeyyiif qabu kan biraa tarreessuun ibsaa.

2.2. Molokiloota Orgaanikii
І. Kaarboohaayidireetota
 Kaarboohaayidireetonni elementoota kaarboonii, hayidiroojiinii fi oksijiinii irraa ijaaraman.
 Foormulaa waliigalaa (CH2O) n qabu,
 Reeshoon hayidiroojiinii fi oksijiinii karboohaayidireetii keessaa, reeshoo isaanii bishaan keessatti qabaniin tokko. Kana jechuun 2:1.
 Karboohaayidireetoonni amaloota armaan gadiis ni qabu.
• Hundumtuu aldihaayidota yookiin ketoonota
• Hundumtuu garee haayidirooksilii (-OH) heddu qabu.
 Baayina sukkaara of keessaa qaban irratti hundaa’uun kaarboohaayidireetonni garee saditti hiramu. Isaanis:
• monoosaakaraayidota (sukkaarota tokkee),
• daayisaakaraayidota (sukkaarota-lamee), fi
• poliisaakaraayidota (sukkaarota heddu)
Sukkaarota -tokkee
 Sukkaaronni tokkeen monoomarii sukkaaraa tokko qabu.
 Laakkofsa atomii kaarbanii of keessaa qaban irratti hundaa’uun akka armaan gadiitti ramadamu.
• Tiriyoosii – atomii kaarboonii 3 qaba
• Teetiroosii – “ “ 4 “
• Peentoosii – “ “ 5 “
• Heksoosii – “ “ 6 “
• Heptoosii – “ “ 7 qaba.
 Peentoosii fi heksoosiin sukkaarota-tokkee heddumminaan argamanii dha.
Faayidaan sukkaarota tokkee beekamoo ta’anii akka armaan gadiitti dhihaata.
Sukkaara Tiriyoosii (C3H6O3) Fkn. giliisaraal-aldihaadii fi daayi-haayidroksi asetoonii
• Adeemsa fotosenteesisii fi gubama soorataa keessatti akka molokiloota giddu-galeeyyiitti tajaajilu.
Sukkaara Peentoosii (C5H10O5) Fkn – Raayiboosii, diioksii raayiboosii, Raayibuloosii
Faayidaa
• Oomisha asiidota niwukilikiitiif
Fkn. “DNA”n sukkaara diioksii Raayiboosii of keessaa qaba.
“RNA” n sukkaara Raayiboosii of keessaa qaba.
• Oomisha “ATP” tiif fkn Raayiboosii
• Oomisha Ko’oo’inzaayimootaaf. Fkn Raayiboosiin oomisha ko’oo’inzaayimii “NADP” jedhamuuf oola.
Sukkaara Heksoosii (C6H12O6): fkn Gulukoosii, Furuktoosii, Gaalaaktoosii
Faayidaa
Madda anniisaati fkn Gulukoosii
Oomisha sukkaarota lameetiif
Oomisha sukkaarota hedduutiif fkn- gulukoosii
Sukkaarotn- tokkee fi sukkaaronni- lameen amaloota armaan gadii waliin qabu.
Molokiloota xixiqqoo dha.
Dhandhama mi’aawaa qabu.
Bishaan keessatti haalaa salphaatti bulbulamu
Amala kiristaalummaa qabu (Crystaline)
 Monoosaakaraayidota (sukkaarota – tokkee) keessaa qu’achuuf mijaawaa kan ta’e gulokoosii dha.
 Gulukoosiin akaakuu caasaa qubeelaa lama qaba. Gareen haayidiroksilii atomii kaarbanii laakkofsa -1 irraa caasaa quubeelaa gubbaa yookiin jala ooluu ni danda’u.
 Gareen haayidiroksilii caasaa qubeelaa jala yoo ooltee, Gulukoosii alfaa ( gulucose), gubbaa yoo ooltee immoo gulukoosii – beettaa ( – gulukoos) jedhama.

Fakkii 2:2: caasaa qubeelaa gulukoosii alfaa

Hub:- Oomisha sukkaarota lamee fi sukkarota hedduu keessatti caasaan gulukoosii qooda fudhatu caasaa qubeelaati.
Sukkaarota – lamee
 Sukkaaronni lameen walnyaatisa sukkaarota-tokkee lama giddutti godhamurraa uumamu.
 Adeemsi wal-nyaatinsa keemkaalaa kompaawundoota sasalphaa keessaa bishaan dhabamsiisuun kompaawundoota gurguddaa uumu kondanseeshiinii jedhama.
Fkn C6H12O6 +C6H12O6 C12H22O11 + H2O

 Adeemsi kompaawundoota gurguddaatti bishaan dabaluun gara sukkaarota sasalphaatti caccabsuu Hayidirooliisisii jedhama.
 Hidhoon yeroo uumama sukkaar-lamee yookiin sukkaar-hedduu sukkaarota-tokkee giddutti uumamu hidhoo gilaayikoosiidikii jedhama.
Sukkaara lameen beekamoo ta’an maaltoosii, laaktoosii fi sukuroosii dha.
• Maaltoosii = gulukoosii + gulukoosii
• Laaktoosii = gulukoosii + gaalaaktoosii
• Sukuroosii = gulukoosii + furuktoosii
Gocha
Gosa maaltosii, sukuroosii fi laaktosii nyaata akkamii keessatti akka argaman ibsi.

  Gulkoosii    + Gulukoosii                                              Maaltoosii

Fakkii:- 2:4. uumama maaltoosii

Sukkaarota- hedduuu (poliisaakaraayidota)
 Sukkaaronni heddu yuunitoota sukkaaraa yookiin sukkaarota-tokkee heddurraa adeemsa kondanseeshiniitiin uumamu.
 Yuunitoonni sasalphaan kompaawundoonni gurgurdaan irraa uumaman monoomaroota kan jedhaman yemmu ta’u kompaawundoonni gurgurdaan uumaman immoo poliimaroota jedhamu.
Fakkeenya sukkaarota hedduu

  • Istaarchii
  • Seeluloosii
  • Gilaayikoojiinii fi k.k.f.
    Gocha
    Faayidaa sukkaarota – hedduu garee keen ta’uun erga irratti mari’attee booda dareekeetiif ibsi
    Sukkaaronni heddu amaloota armaan gadii qabu.
    • Molokiloota gurgurdaa dha
    • Dhandhama mi’aawaa hin qaban
    • Bishaan keessatti hin bulbulaman yookiin xiqquma bulbulamu.
    • Amala kiristaalummaa hin qaban (non crystalliiiiine)
    Istaarchi:-Istaarchiin poliimarii gulukoosii alfaa ( )ti.
     Madda anniisaa qaama biqilootaa keessatti kuufame argamuu dha.
     Bineessota keessatti garuu hin argamu.
     Bineeldota keessatti kompaawundii Istaarchiin walgitu Giyikoojiniii dha.
     Istaarchiin bifa lamaan argama. Isaanis Amiloosii fi amiloopektiinii dha.
     Amiloosiin birkii kan hin qabne yemmuu ta’u amiloopektiiniin immoo birkii qabeessa.
    Gilaayikoojiinii: Gilaayikoojiiniin polimarii gulukoosiiti.
     Bineeldotaa fi fangasoota keessatti argama.
     Veerteebireetota keessatti gilaayikoojiiniin tiruu fi maashaalee keessatti kuufamee argama. Gilaayikoojiiniin madda anniisaati.
    Seeluuloosii:
     Seeluuloosiin poliimarii gulukoosii beettaa ti ( ). Kana jechuun hidhoon gulukoosiwwan seeluuloosii uuman giddutti argaman kallattii beettaatiin.
     Seelluloosiin kompaawundii dachee irratti heddumminaan argamuudha.
     Cichaan seelii biqilootaa seeluuloosii irraa ijaarame.
     Seeluuloosiin orgaanizimoota kan akka baakteeriyaa fi fangasootaatiif akka madda anniisaatti ni tajaajila.
     Inzaayimiin seeluleesiin, Seeluloosii gara gulukoosiitti caccabsa.
     Inzaayimiin kun organizimoota heddu keessatti hin argamu. Kanaafuu orgaanizimmonni seeluuloosii akka madda anniisaatti itti fayyadamuu hin danda’an.
     Hoosiftoonni alala guuran kanneen akka loonii, hoolaa fi k.k.f. baakteeriyaa wajjiin wal-utubbiin jiraatan. Garaacha isaanii keessaa waan qabaniif seeluuloosii bulleessuu ni danda’u.
    ІІ. Lippiidota
     Lippiidonni akkuma kaarboohaayidireetotaa elementoota kaarboonii, hayidiroojiinii fi oksijiinii irraa ijaaraman.
     Haata’u malee elementoota akka salfarii(s) fi foosifarasii dabalataan qabaachuu ni danda’u. Lippiidota, kaarboohaayidireetota irra adda kan isaan godhu hammi oksijiinii isaan qaban kan kaarboohaayidireetii gad ta’uu dha.
     Amalli lippiidonni waliin qaban bishaan keessatti bulbulamuu dhabuu dha.
    Gosoota Lippiidotaa
    a. Faatii himbaabsawaa:-
     Faatiin himbaabsawaa lippiidii qaama lubbu-qabeeyyii keessatti heddumminaan argamu.
     Faatii asiidii fi giliisoroolii irraa uumamu. Gilisorooliin alkoolii atomii kaarbanii sadi fi garee hayidiroksilii (-OH) sadi qabu.
     Faatii asiidiin immoo funca hayidirookaarboonii dheeraa dhumarraa garee kaarboksiilii (-COOH) qabu dha.
     Faatii asiidonni foorumulaa waliigalaa RCOOH qabu.
     “R”n funcaa hayidirookaarbooniiti. Faatii asiidonni hidhoo cimdii tokko yookiin sanaa ol atomoota kaarbanii gidduu qaban faatii asiidii hanquu (unsaturated fatty acids) jedhamu.
     Sababnis hanqina atomii haayidiroojiinii waan qabaniif.
     Faatii asiidonni hidhoo cimdii hin qabne immoo faatii asiid guutuu (saturated fatty acid) jedhamu.
     Faatii asiidonni hanquun teempireechara gad-aanaa irratti baqu, yookiin qabxiin baqina faatii asiidii hanquu kan faatii asiidii guutuutii gadi.
  • Fakkii:- 2:5 Caasaa Gilisoroolii
     Coomni teempireechara dareetti (20˚C) jajjaboo yemmuu ta’u Zeeyitiin garuu dhangala’oo dha.
     fi Zeeyita Faatiin himbaabsawaa molkilii gilisoroolii tokkoo fi molokiloota faatiin asiidii sadi irraa uumaman tirigiliisaraayidii jedhamu. fkn Coomaa.

Fakkii:-2:6. Caasaa Tirigiliisaraayidii
 Faayidaan faatii himbaabsawaa irra caalaan anniisaa kennuu dha.
 Lippiidonni kaarboohaayidireetii caalaa anniisaa guddaa kennu.
 Sababnis lippiidonni, Kaarboohaayidireetii caalaa atomii hayidiroojiinii yookiin hidhoo hayidirookaarbanii (C-H bonds) heddu waan qabaniif.
 Bineeldonni cooma haftee qaama keessatti kuusu. Biqiloonni garuu cooma utuu hin ta’in zeeyita kuusu.
 Zeeyitiin kutaalee biqilootaa kanneen akka sanyii, firii, fi kilooroopilastii keessatti kuufama. Coomni qaama keessatti yemmuu gubatu bishaan gad-lakkisu.
 Bineeldonni gammoojjii kan akka Gaalaatii fi “Kangaroorat” cooma qaama isaanii keessatti olkuusu.
 Lubbu-qabeeyyiin kun bishaan gubama coomaatiin gad-lakkifamu kanatti gargaaramuun jiraatu. Kana jechuun bineeldonni kun cooma qaama isaanii keessatti kan kuusan akka madda anniisaatti utuu hin ta’in akka madda bishaaniiti.
b. Foosfoolippiidii
 Foosfoolippiidiin lippiidii garee foosfeetii (PO43-) qabuu dha.
 Kan uumamu yeroo molokiliin giliiseroolii tokko molikiloota faatii asiidii lamaa fi garee foosfeetii tokko wajjiin walnyaatuu.
 Kana jechuun faatii asiidii tirigiliisaraayidii keessaa tokko garee foosfeetiitiin bakka bu’ama.

Fakkii: 2:7; Caasaa foosfoolippiidii
Foosfoolippiidiin kutaalee lama qaba.
i) Mataa – Garee foosfeetii qaba, bishaan jaalata.
ii) Eegee – Funca Faatii asiidii qabu bishaan jibbaadha.
-Foosfoolippiidiin caasaa membireenii seeliitii
c. Kaarteenooyidoota:-
 Halluuwwan biqilootaa bifa keelloo, burtukaanawaa, fi diimaa qabaniidha. Ifa aduu harkisuun kiloorofiiliif waan dabarsaniif gargaartota kiloorofiilii jedhamuun waamamu.
 Kaartenooyidiin lippiidota wajjiin kan ramadamaniif bishaan keessatti waan hin bulbulamneef.
 Kaarteenooyidoota akaakuu lamatu jira. Isaanis kaarootiinii fi zantoofiiliidha.
Fkn kaarootiinii:- – Kaarootiinii
Fkn zantoofiilii:- Fukoozuntiinii fi Zeyaazaatiinii
d. Isterooyidoota (steroids):-
 Istirooyidoonni lippiidota wajjiin wanti ramadamaniif akkuma cooma, zeeyita, gagaa fi foosfoolippiidii bishaan keessatti waan hin bulbulamneefi. Haata’u malee caasaan isaanii kan lippiidota biro irraa kan adda ta’e.Caasaan isaanii kan ijaarame faatii asiidii fi giliisoroolii irraa utuu hin ta’in caasaa qubeelaa afurii walitti hidhaman irraayi.
 Viitaaminoonni muraasaa fi hormoononni gosa isterooyidootaati.
Faayidaa Lippiidotaa
• Madda hoo’aa fi anniisaati fkn- cooma, dhdhaa fi zeeyita.
• Ittisoo teempireecharaati. Fkn cooma gogaa jalaa fkn.
• Kutaalee qaama keessaa lallaafoo balaarraa ittisu. Fkn cooma kale fi gogaa irraa
• Caasaa membireenii seeliiti. Fkn Foosfoolippiidii .
Gaaffii. Faayidaa lippiidotaa kan biroo tarreessi.
ІІІ. Pirootiinota
 Pirootiinonni kaarboohaayidireetota fi lippiidota caalaa kopaawundoota walxaxaa ta’anii dha.
 Caasaa qaama lubbu qabeeyyii ijaaruu fi walnyaatinsa keemkaalaa heddu keessatti ga’ee guddaa qabu.
 Fakkeenyaaf, qabiyyeen maashaalee irra caalaan pirootiinii dha. Faayibaroonni lafee, qeensa, rifeensa, gaafa fi k.k.f.pirootiinii irraa ijaaraman.
 Kana malees pirootiinonni oksijiinii geejjibu, qaamarra dhukkuba ittisuu fi akka hormoonittis ni tajaajiluu.
 Dabalataanis wal-nyaatinsa qaama lubbu-qabeeyyii keessatti gaggefaman si’eessu.
 Pirootiinonni hundumtuu elementoota kaarbanii, hayidiroojiinii, okksijiinii fi naayitiroojiinii of keessaa qabu.
 Pirotiinonni heddu dabalataan elementii salfarii qabu.
 Elementoonni kunniin walitti hidhamuun kopaawundoota amiinoo asiidota jedhamu uumu. Amiinoo asiidonni immoo walitti hidhamanii pirootiinii uumu.
 Amiinoo asiidonni garee kaarboksilii (-COOH) fi garee amiinoo (-NH2) qabu.
 Garee kunniin atomii kaarbanii alfaa kaarban ( -C) jedhamutti hidhamu.
 Amiinoo asiidonni garee “R” jedhamus ni qabu.
 Pirootiinota keessatti amiinoo asiidota diigdamatu (20) argama.
 Amiinoo asiidonni hundumtuu garee kaarboksilii (COOH), garee amiinoo
(-NH2) fi kaarbanii alfaa qabaachuun kan wal fakkaatan yemmuu ta’u, amiinoo asiidii tokko kan biraa irraa adda kan godhu garee “R” ti.

Fakki 2:8: Caasaa amiinooasiidii
 Uumama pirootiinii keessatti amiinoo asiidonni kan walitti hidhaman hidhoo peptaayidiitiin.
 Amiinoo asiidonni heddu hidhoo peptaayidiitiin walitti hidhamanii fuunca poliipeptaayidii uumu.
 Pirootiinii tokko pirootiinii biroo irraa adda kan godhu baay’ina amiinoo asiidota of keessaa qabuu, akaakuwwan amiinoo asiidota irraa ijaaramee fi tartiba amiinoo asiidotaati.
Ramaddii Pirootiinii
Faayidaa isaanii irratti hundaa’uun pirootiinonni bakka lamatti hiramu. Isaanis:-
a/ Pirootiinii Faayibirasii/Pirootiin caasaa.
• Funca diriiraa kan qaban yemmuu ta’u, caasaa kutaalee qaamaa ijaaruuf fayyadu.
Fkn. -Keraatiinii:-
• Pirootiinii caasaa rifeensa, qeensa, baallee fi gaafa ijaaruuf fayyadudha.
Kollaajiinii: – Caasaa gogaa, ribuu, ligaamentii fi lafee ijaara.

  • Mayoosiinii: – maashaalee keessatti argama.
    b/ Pirootiinii Giloobulaarii
     Funcaa maramaa fi walkeessa dadacha’e kan qaban yemmuu ta’u qaama lubbu-qabeeyyii keessatti dalagaa garagaraa hojjatu.
    Fkn:-
    • Inzaayimoota
    • Hormoonota
    • Hemogiloobiinii
    • Farroota qaama alagaa
    • Pirootiinota pilaazmaa fi k.k.f.
    Caasaa pirootiinii
     Pooliipeeptaayidiin pirootiinota boca mataa isaanii ta’e qabu.
     Pirootiniin tokko boca adda ta’e kan qabaatu sababa caasaa sadarkaa gargarii keessatti argamaniif caasaawwan pirootiinii keessatti mul’atan sadarkaa afuritti qoodamanii ibsamu.
    Caasaa Pirootinii Jalqabaa
     Funcaa pooliipeetaayidii keessatti walduraa duubaan toora galuun amiinoo asiidotaa caasaa pirootinii jalqabaa uuma.
     Caasaan pirootinii jalqabaa kan murtaa’u jiinii DNA irratti argamuuni.
     Egaa caasaan pirootiinii jalqabaa kan agarsiisu tartiiba fi baay’ina amiinoo asiidota pooliipeeptaayidii tokko keessatti argamanii ti.
     Seenaa saayinsii keessatti tartiibaa fi baay’ina amiinoo asiidota pooliipeeptaayidii tokko keessa jiru ibsuu kan danda’ame bara 1951tti.
     Namni yeroo jalqabaaf tartiibaa fi baay’ina amiinoo asiidota pirootiinii insuliinii hojjate agarsiise Fireediriik saangar jedhama.
    Caaasaa Pirootinii Lammaffaa
     Haala Pooliipeeptaayidiin tokko itti dabu, micciiramuu ykn dacha’uundhaan boca garagaraa qabaatu caasaa pirootiinii isa lammaffaa jedhama.
    • Caasaan pirootiinii lammaffaan beekamoo ta’an
    i) Heliksii
    ii) – baaqqee
    iii) Heeliksii sadee (triple helix)
    Heliksii
     Bocni caasaa kanaa kan eegamu hidhoo haayidiroojiniitiin.
     Hidhoowwan haayidiroojinii kan uumamu H gartuu NH amiinoo asiidii tokko irra jiruu fi O gartuu CO amiinoo asidii kan jalqaba irraa afraffaa irratti siqee argamu wajjiini
  • Baaqqee.
     Caasaan pirootiinii – Baaqqee pooliipeeptaayidii lama qaba. Pooliipeeptaayidiiwwan kan walitti qabaman hidhoo haayidiroojiiniitiin.
     Hidhoon haayidiroojiinii kan uumamu garee CO pooliipeeptaayidii tokko irra jiruu fi garee NH2 poliipeeptaayidii lammaffaa irra jiru gidduutti.
     Akkasumas CO fi NH2 pooliipeeptaayidii tokkorraa jiran giddutti ni uumama. Kanaafu caasaan kun cimaa fi salphaatti kan hin jijjiiramne ta’ee mul’ata.

Fakkii 2:9: Caaasaa Pirootinii Lammaffaa
Caasaa Pirootinii sadaffaa
Funcaan pooliipeeptaayidii haala inni itti dadacha’e walkeessa maramu caasaa pirootiinii isa sadaffaa jedhama. Caasaa kanaaf murteessoo kanneen ta’an;
i) Hidhoo ayoonikii – Garee R chaarjii ta’an lama giddutti kan uumamanii dha.
ii) Hidhoo haayidiroojiinii – garee CO fi NH2 gidduu,akkasumas garee R lama giddutti ni uumama.
iii) Hidhoo daayisalfaayidii.
iv) Jibbinsa bishaanii (hydrophobic interaction) – Amiinoo asiidotni garee “R” isaanii poolarii ta’e gara bishaaniitti yoo garagalan. Kan “R”n isaanii haayidiroofoobikii ta’e immoo bishaan irraa baqachuun gara keessaatti garagalanii taa’u.

      Fakii:    2:10       Caasaa Pirootinii sadaffaa

Caasaa pirootinii afraffaa
 Caasaan pirootinii sadarkaa afraffaa kan agarsiisu haala pooliipeeptaayidii lamaa fi isaa ol jiran walkeessa seenuun boca pirootinii murtaa’aa ta’e tokko itti uumanii dha.
 Fkn. Heemoogilobiniin caasaa pirootinii sadarkaa afraffaa qaba, innis kan uumamu yemmuu sansalatni pooliipeptaayidii lama fi – lama walkeessa seenanii taa’anii dha.
Gocha
Fakkii caasaa pirootinii 4ffaa kitaabilee wabii irraa kaasuun waa’ee isaa bal’inaan dareef dhiyeessaa.

Iv. Asiidota Niwukilikii
 Asiidonni niwukilikii kompawundoota orgaanikii lubbu-qabeeyyii hundaaf baay’ee barbaachisaa ta’anii dha.
 Wantoonni dhaala sanyii yookiin jiinii asiidota niwukilikii irraa ijaaraman.
 Asiidonni niwukilikii ergamtoota odeefannoo jiinota niwukilasii keessaa irraa gara kutaalee seelii hafanitti dabarsanii dha.
 Akkuma kaarboohaayidireetotaa fi pirootiinotaa, asiidonni niwukilikii poliimaroota. Yuunitota sasalphaa (monoomaroota) niwukilootaayidii jedhaman irraa ijaaraman.
 Asiidonni niwukilikii niwukilootaayidota heddurraa kan ijaaraman waan ta’aniif poliiniwukilootaayidota jedhamu.
 Niwukilootaayidoonni mataan isaanii ruqoolee xixiqqoo sadi irraa ijaaraman.
Isaanis:-
• Sukkaara peentoosii (abbaa karbanii shanii)
• Garee foosfeetii (PO43-) fi
• Beezota orgaanikaa naayitiroojiinii of keessa qabanii dha.
 Garee foosfeetii fi beezoinni orgaanikaa sukkaara peentoosiitti hidhamuun niwukilootaayidii uumu.
Gocha: Fakkii armaan gadii irratti ruqoolee niwukilootaayidii moggaasi.
Beezii naayitroojinii

Foosfeetii

Fakkii: 2:11 Caasaa niwukilootaayidii shukkaara raayiboosii
Asiidota niwukilikii akaaku lamatu jira.
A. Dioksiiraayiboo niwukilik asiidii (DNA)
 “DNA”n niwukilootaayidota garagaraa afur irraa ijaarama. Tokkoon tokkoo niwukilootaayidota “DNA” ijaaranii:-
• Sukkaara peentoosii Dii’oksiiraayiboosii jedhamu,
• Garee foosfeetii fi
• Beezota orgaanikaa Adiniinii, (A) Guwaaniinii,(G) Tayaamiinii (T) fi Saayitoosiinii(C) keessaa tokkorraa ijaaraman. Kanaafuu niwukilootaayidota “DNA” ijaaran afran kan gargar baasuu beezii orgaanikaati.
• Adiniinii (A) fi Guwaaniin (G) Caasaa qubeela dacha ta’e kan qaban yemmuu ta’u puuriinii (Purines) jedhamu.
• Tayaamiinii fi Saayitoosiiniin immoo caasaa qubeelaa qeenxee qaba. Isaanii paayirimidiinii (pyrimidines) jedhamu.
 Niwukilootaayidota “DNA” ijaaran keessatti sukkaarri niwukilootaayidii tokkoo, garee foosfeetii niwukilootaayidii itti aanuu wajjiin tartibaan walitti hidhamuun fufnca dheeraa niwukilaataayidotaa uumu.
 “DNA”n funca niwukilootaayidotaa dheeraa ta’an lammarraa ijaarame.
 Funcoonni lamaan DNA uuman beezii naayiriroojiinaatiin walitti hidhaman.
 Haalli beezonni naayitiroojiinawaa (orgaanikii) “DNA” keessatti hidhoo itti uuman murtaa’adha. Kana jechuun Adiniiniin fi Tayaaminiin yeroo hundaa wajjiin hidhoo kan uuman yemmuu ta’u (A-T), Guwaaniinii fi Saayitoosiin immoo yeroo hundaa walitti hidhamu, (G-C).

                   Gocha 

            Barattootaa gareen ta’uun garaa garuummaa caasaa RNA fi DNA irratti mari’achuun      
             gabaasa.

 Walumaagalatti molokilii “DNA” keessatti baay’inni beezota A fi T, wal-qixa, kan G fi C walqixa. Akkasumas reeshoon AfiT (A/T), wal-qixa yemmuu ta’u Guwaaniinii fi Saayitoosiiniillee (G/C) wal-qixa.
 kun kan ta’u lubbu qabeeyyii sanyii tokkoo keessatti yemmuu ta’u lubbu-qabeeyyii sanyii garagaraa keessatti garuu garaagarummaa qaba..

Raayibooniwukilik asiidii (RNA)
 “RNA”n gosa asiidii niwukilikii isa lammafaati. “DNA”n amala lubbu-qabeeyyii kan to’atuu fi kan murteessu ajaja kara “RNA” tiin erguudhaan. Kana jechuun “RNA”n odeeffannoo DNA irraa dabru baatuu fi hiika itti ikennuudha.
 DNA fi “RNA”n garaagarummaa armaan gadii qabu.
• Molokilii”RNA” funcaa niwukilootaayidii qeenxee qaba. Kan“DNA”n garuu dachaa dha.
• Sukkaarri RNA keessaa Raayiboosii yoo ta’u kan DNA keessaa Dii’oksiiraayiboosii dha.
• Beezonni orgaanikaa DNA keessaa A, G, C fi T dha. Kan RNA keessaa immoo A, G,C fi Yuraasilii(U) dha. Kana jechuun Tayaamiiniin DNA keessaa RNA keessatti Yuraasiiliin bakka bu’ama.
• “DNA”n ofii baay’achuu kan danda’u yemmuu ta’u RNA ofii baay’achuu hindanda’u, DNA irratti hojjatama.
• “DNA” dhaala sanyii too’ata, “RNA” n immoo pirootiinii oomisha.
RNA akaakuu saditu jira.
• “RNA” ergamtuu (mRNA):- ajaja DNA irraa fuudhee gare raayiboosoomitti geessa. Raayiboosoomiin bakka pirootiiniin itti oomishamu.
• “RNA” raayiboosoomii (rRNA):- qabiyyee caasaa raayiboosoomiiti. Pirootiinii wajjiin ta’uun raayiboosoomii uumu.
• RNA dabarsituu (tRNA):- amiinoo asiidota oomisha pirootiiniif oolan saayitoopilaazimii keessaa funaanuun gara raayiboosoomiitti geessa.
v. Viitaaminoota
 Viitaaminoonni kompaawundoota orgaanikii qaamni hamma xiqqoo ta’een barbaaduu dha.
 Nyaata keessaa viitaaminoonni yoo kan hin jirre ta’e qaamni dhukuuboota hanqina, nyaataatiif saaxila baha.
 Viitaaminoonni dalagaa isaanii hojjachuu kan danda’a, yemmuu bulbulaman qofa.
 Viitaaminoonni muraasni isaanii cooma (fat) keessatti kan bulbulaman yoo ta’u kanneen hafan bishaan keessatti bulbulamu, Viitaaminoonni cooma keessatti bulbulaman viitaamina A, D, E fi K yoo ta’u kanneen bishaan keessatti bulbulaman immoo viitaamina C fi viitraaminotaa garee “B” ti.

Gocha.
Akaakuu viitaamina, nyaata viitaaminichaan badhaadhee fi dhukkuba hanqina viitaaminchaatiin dhufan tarreessi.

Boqonnaa Sadii

 3. Inzaayimoota/si’eessitoota Baayolojikaalaa)

Kaayyoo barnootaa

Xumura boqonnaa kanaattii

  • Dalagaa Inzaayimootaa fi akkaataa isaani itti hojjatan ni ibsitu.
  • Faayidaa inzaayimoonni adeemsota baayolojikaalaa itti si’eessan ni ibsitu.
  • Tai’iiwwan dalagaa inzaayimii daangessan tarreessuun ni ibsitu.
  • Amaloota inzaayimii ni tarreessitu.

Seensa

  • Inzaayimoonni molokiloota gurguddaa walnyaatinsa keemkaalaa qaama lubbu qabeenyii keessatti gaggeffaman si’eessanii dha.
  •  Wal nyaatiinsa keemkaalaa seelota lubbu-qabeenyii keessatti gaggeeffaman to’atu.
  • Inzaayimoonni caasaa walxaxaa kallattii (daayimeenshiinii) sadi qabu kan mammaramu funcaa poliipeptaayidii irraa uumame qabu.
  • Mana yaalii keemistirii keessatti hoo’i walnyaatinsi keemkaalaa saffisaan akka raawwatuuf fayyada.
  • Walnyaatinsi keemkaalaa qaama lubbu-qabeeyyii keessatti akka saffisuuf hoo’i hamma tokko ni fayyada.
  • Fakkeenyaaf bofti bakka gaaddisa irraa gara bakka ifti jirutti yemmuu deemu si’ataa ta’a, kana jechuun sirritti socho’uu danda’a. Kun kan ta’uu danda’eef hoo’i ifa aduu walnyaatinsi keemkaalaa qaama isaa keessatti gaggeffamu akka saffisu waan godhuufi.
  • Haa ta’u malee faayidaan hoo’i walnyaatinsa keemkaalaa qaama lubbu-qabeeyyii keessatti saffisiisuuf kennu murtaa’aa dha.
  • Sababnis anniisaan hoo’aa cimaan (guddaan) hidhoo molokiloota poliipeptaayidii (pirootiinii) walitti hidhe caccabsuun boca murtaa’aa isaan qaban waan balleessuufi.
  • Tempreecharri guddaan (40oC olii) inzaayimoonni akka manca’an godha. Yeroo kana caasaan uumama isaanii waan diiggamuuf dalagaa isaanii hojjachuu hindanda’an.
  • Tempireecharri ol ka’aan labbu-qabeeyii ni ajjeesa. Sababnis inzaayimoota mancaasuun dalagaa isaanii akka hin hojjanne waan taasisuufi.
  • Bakka inzaayimonni hin jirreetti walnyaatinsi keemkaalaa qaama lubbu-qabeenyii keessatti gaggeffamu baay’ee harkifataa waan ta’eef jireenya lubbu-qabeeyyii mamisiisaa ta’a.
  • Walnyaatinsi keemkaalaa lubbu-qabeeyyii keessatti gaggeeffamu hundumtuu kan safisiifamu gochaa inzaayimootaatiini.
  • Indastirii keessatti inzaayimoonni wal-nyaatinsa keemkaalaa saffisiisuun firiin barbaadame ariitiin akka uumamu godhu.

  3.1. Amaloota Inzaayimootaa

Inzaayimoonni molokiloota baayolojikaalaa qindoomina cimaa ta’e qabanii dha.

 Amaloota beekamoo armaan gadiitiin ibsamu.

1. Inzaayimoonni Pirootiinota.

2. Inzaayimoonni wal-nyaatinsa keemkaalaa hin jalqabsiisan, garuu ni saffisiisu.

3. Jiraachuun inzaayimii  amaloota firii dhuma wal-nyaatinsaa irratti uumamuu hin geeddaru.

4. Dalagaan inzaayimootaa murtaa’aadha.

5. Inzaayimoonni walnyaatinsa keemkaala si’eessaniin hin dhuunfataman.

6. Inzaayimoonni hoo’aan ni manca’u.

7. Dalagaan inzaayimootaa gatii “PH” irratti kan hundaa’ee dha.

8. Inzaayimoonni ayoonota sibiilotaa ulfaataa ta’an wajjiin walitti makamu.                  

9. Inzaayimoonni hamma xiqqoon dalagaa guddoo-hojjatu.

Gaaffii

1. 2.Annisaan si’eessuu maali?

3. Si’eessituun maali?

4. Garaagarummaan walnyaatinsa Eksootarmikii fi Indootarmikii maali?

5. Garaagarummaa Inzaayimnoota seelii keessaa fi seeliin alaa addaan baasi.

6. Garaagarummaa si’eessitoota In-orgaanikii fi si’eessitoota baayolojikaalaa ibsi.

7. Amaloota inzaayimii armaan olitti tarreefaman kanaaf kitaaba wabii dubbisuun ibsa itti kenni.

3.2. Akkaataa Inzaayimoonni Ittiin Hojjetan

  • Inzaayimoonni pirootiinota giloobulaariiti.
  • Bakka (dhooqa) murtaa’aa eddo qophee (active site) jedhamu qabu.
  • Bakki kun bakka walnyaatinsi keemkaalaa akka saffisu itti taasifamuudha.
  •  Inzaayimiin sabsitireetii eddo qophee keessatti fudhata.
  •  Walnyaatinsi keemkaalaa saffisiifamuu kan danda’u yoo inzaayimii fi sabistireetiin sirritti wal fudhatani.
  • Inzaayimii fi sabistireetiin yemmuu walfudhatan walxaxaa inzaayimii fi sabiistireetii ni uumama.
  •  Dhumarratti firiin yemmuu uumamu inzaayimichi gadi lakkifamee walnyaatinsa biraa si’eessa.

E+S                                   Walxaxaa ES                        E+P

    E= Inzaayimii

S= Sabistireetii

ES= walxaxaa inzaayimii fi sabstireetii

P= firii

Moodeelota dalagaa Inzaayimii

  1. Modeela “Lock” fi  “key”
  2. Bara 1980 saayintistiin Fiishar jedhamu inzaayimonni bakka murtaa’a sabistireetii of keessatti fudhan akka qaban yaada dhiheesse.
  3. Yaanni inni dhiheesse kun mala “lock” fi “key” jedhamuun beekama. Akka yaada hayyuu kanaatti sabistireetiin akka “key” (furtuutti) yemmuu ta’u, inzaayimiin immoo “lock”  ta’a.        

  B.   Modeela “Induced- fit”

  • Bara 1959 saayintistiin “Koshland” jedhamu mala modeela “lock” fi “key” fooyyeessee dhiheesse. Modeelli kunis modeela “Induced fit” jedhama.
  • Akka modeela kanaatti yeroo inzaayimiin sabistireetiin wal argatu, eddoon qopheen (active site) inzaayimii boca isaa geeddaruun akka sabistireetii ofitti fudhachuu danda’utti mijata. Kana jechuun inzaayimiin sabistireetiin ofitti fudhachuuf boca isaa ni jijjiira jechuu dha.              

Gaaffii

1. Inzaayimoonni heddumminaan qaama lubbu qabeeyyii keessatti maaliif barbaachisan?

2. Amaloota inzaayimoota gabaabinnaan tarreessi.

3.3. Haalota dalagaa inzaayimootaa daangessan

  • Inzaayimoonni dalagaa isaanii akka gaariitti hojjachuu kan danda’an haalota isaaniif mijataa ta’e keessatti.
  •  Haalonni kunis kan akka teempireechara, cunqoo sabistireetii,cunqoo inzaayimii fi PH mijawaa ta’anii dha.
  • Haalonni kunniin mijaawaa yoo hin ta’in dalagaa inzaayimootaa irratti dhiibbaa qaba. Haalonni dalagaa inzaayimootaa daangessan kanneen armaan gadiiti.

A)  Cunqoo Inzaayimii (enzyme concentration)

  • Cunqoon sabistireetii gahaa hamma ta’etti, PH fi teempireecharri dhaabbataa yoo ta’an saffisni walnyaatinsa keemkaalaa cunqoo inzaayimii wajjiin kallattiin walgita (Fakkii A). Kana jechuun cunqoon inzaayimii yemmuu dabalu, saffisni walnyaatinsa keemikaalaa ni dabala, cunqoon yoo hir’atu saffisni walnyaatinsa ni hir’ata. Fakkii armaan gadii ilaali. 

         Fakkii 3:1: Hariiroo cunqoo inzaayimii fi saffisa wanyaatinsaa gidduu

 B)  Cunqoo sabistireetii(Substrate concentration)

  • Cunqoo inzaayimii murtaa’aa ta’e tokkoof, cunqoo sabistireetii yoo dabale, saffisni walanyaatinsa keemikaalaalee ni dabala.Haa ta’u malee akkuma fakkii A fuula 36 irratti ibsameen sadarkaa murtaa’e irratti saffisni walnyaatinsa keemkaalaa dhaabbataa ta’a. Kana jechuun cunqoon sabistireetii yemmuu dabalu saffisni walnyaatinsa hindabalu. Sababnis, cunqoo sabistireetii olaanaa irratti, eddoon qophee inzaayimii sabistireetiin waan guutamuuf. cunqoo sabistireetii gad-aanaa irratti, saffisni walnyaaatinsaa, cunqoo sabistireetii wajjiin walgita. Garuu cunqoo sabistireetii olaanaa irratti saffisan walnyaatiinsaa dhaabbataa ta’a.

Cunqoo sabistireetii olaanaa irratti saffisni walnyaatinsaa akka dabalu gochuuf maaltu ta’uu qaba sitti fakkaata?

  • Teempireechara (Tempreture)
  • Teempireecharri yemmuu dabalu, saffisni walnyaatisa keemkaalaallee ni dabala. Haa ta’u malee teempireecharri baayyee yoo dabale, safinsni wal-nyaatinsaa hir’ataa deema. Kun ta’uu kan danda’uuf, teempireechara olaanaa irratti caasaa inzaayimii waan diigamuuf inzaayimoonni ni manca’u.

    

 fakkii:-3:2  Hariiroo tempireecharaa fi saffisa walnyaatinsaa gidduu

Gaaffii

1. Teempireecharri utuu baay’ee gadi bu’e (fkn-qabxii cabbaa’uu tii gad utuu ta’e) dhiibbaan inni dalagaa inzaayimii irratti qabu maali?

2. Yeroo ammaa kana tooftaan nyaanni utuu hin alaa’in yeroo dheeraaf ittiin tursiifamu keessa tokko nyaata cabbeessuu dha. Faayidaa cabbeessuun qabu maali?

3. Gosoota nyaataa teempireechara gad-aanaa irratti (cabbeessuun) olkaa’uun utuu hin alaa’in tursiifaman tarreessi

D). “PH”

  • Inzaayimoonni “PH” mataa isaanii kan dalagaa isaanii akka gaaritti irratti hojjatan qabu. Jijjiiramni PH kanaa dalagaa isaanii irratti dhiibbaa qaba. Kana jechuun “PH”n inzaayimii tokko irratti  hojjatu yoo jijjiirame, saffisni walnyaatinsa inzaayimii kanaan gaggeeffamuu ni hir’ata. Sababnis jijjiiramni “PH” caasaa inzaayimii waan jijjiiruuf.

Gocha

4. Hariiroo ta’iiwwan armaan gadiitii fi saffisa walnyaatinsaa gidduu jiru giraafiin  ibsi

  1. Cunqoo inzaayimii
  2. Cunqoo sabistireetii
  3. Teempireechara                                    d. PH

BOQONNAA AFUR 4.BAAYOLOOJII SEELII
Kaayyoolee boqonnaa kanaa:
Barattootaa boqonnaa kana erga barattanii xumurtanii booda:
 Hiikkaa seelii ni kennitu
 Tiwoorii seelii ni ibsitu
 Maloota qo’annoo seelii ni addeessitu
 Faayidaa maayikirooskooppii ni himtu
 Tartiiba itti fayyadama maayikirooskooppii ni tarreessitu
 Tokkummaa fi garaagarummaa seelii pirookaariyootikii fi iyuukaariyootikii ni ibsitu
 Caasaalee seelii fi faayidaa isaani ni addeessitu
Seensa
Boqonnaan kun qabxiiwwan armaan gadii irratti xiyyeeffata:

  • Yaada-rimee seelii fi seeliin caasaa xiqqaa bu’uura lubbuu hundaa ta’uu
  • Tiwoorii seelii fi akkaataa qo’annoo seelii
  • Waa’ee Maayikirooskooppii fi faayidaa isaa
  • Gosoota seelii fi caasaalee seelii akkasumas faayidaa caasaalee seelii
  • Haala geejjiba seelii keessaa
    4.1 Tiwoorii seelii

Tiwooriin seelii yaada bal’inaan fudhatama argatee fi walitti dhufeenya seelotaa fi lubbu-qabeeyyii giddu jiru ibsu dha.
Tiwooriin seelii guddaa,xiqqaa yookiin walxaxaa,salphaa osoo hin jedhin lubbu-qabeeyyii hundaaf kan hojjetu dha.
Akka waliigalaatti tiwooriin seelii qabxiwwan armaan gadii of keessatti haammata:
 Orgaanizimoonni hundinuu seelii tokko yookiin isaa ol qabu
 Seeliin caasaa xiqqaa bu’uura dalagaa lubbuuti.
 Seeliin kamiyyuu seelii duraan ture irraa dhufa.
Gaaffilee shaakalaa

  1. Qaamolee maayikirooskooppii tarreessuun faayidaa tokkoo tokkoo isaanii ibsaa.
  2. Kitaabilee wabii dubbisuun seeliin jalqaba lafa irratti argame akkamitti akka uumamuu danda’e addeessaa.
  3. Maqaa baayoloojistootaa tiwoorii seelii irratti qooda fudhatanii tarreessuun hojii isaanii ibsi.
    4.2 Gosoota Seelii
    Seelonni ulaagaa garaagaraatiin gosa garaagaraatti qoodamuu ni danda’u. Irra caalaan seelotaa hammaan baay’ee xiqqaa waan ta’aniif Maayikirooskooppii malee hin mul’atan. Muraasni immoo ammaan guddaa kan ta’anii fi ija qullaan mul’achuu kan danda’ni dha.
    Gaaffii- Seelota maayikirookooppii malee hin mul’annee fi kanneen ija qul’aan mul’ataniif fakkeenya kennaa.
    Seelonni guddina, bocaa fi walxaxinsa caasaa irratti hundaa’uun bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis Pirookaariyootaa fi Iyuukaariyoota jedhamu.

I. Seelii Pirookaariyootaa
• Seelota akkasii keessatti DNAn niwukilsii keessatti kan argamu osoo hin taane bilisaan saayitoopilaazimii keessatti argama.
• DNAn isaanii boca geengawaa qaba.
• Niwukilsii dhugaa hinqaban (piroo- dura, kaariyoon- niwukilasii), niwukilasiin dhugaa kan membireenii niwukilaariin marfamee argamu dha.
• Orgaanelota membireeniin haguugaman hin qaban
• Walnyaatinsi keemikaalaa hundi gubama soorataa dabalatee seeyitoopilaazimii keessatti geggeeffama.
• Raayiboosoomii abbaa yuunitii 70s qabu
• Naayitiroojiinii fiiksessuu danda’u
Fkn:- Baakteeriyaa fi Saaphuphuu cuqul-magariisa
II. Seelii Iyuukaariyootaa
• Nikulasii dhugaa kan qaban yommuu ta’u, iyuu-jechuun dhugaa yoo ta’u kaariyyoon –jechuun immoo niyukilasii jechuu dha.
• DNAn isaanii diriiraa(linear) ta’ee membireenii mataa isaa kan qabuu fi niwukilasii membireenii niwukilaariin marfame keessatti argama.
• Orgaaneelonni hedduun membireenii mataa isaanii qabu
• Gubmni soorataa saayitoopilaazmii fi maayitookondoriyaa keessatti geggeeffama
• Raayiboosomii abba yuunitii 80s qabu
• Naayitiroojiinii fiiksessuu hin danda’an
Fkn:- Pirootoozo’aa, seelii biqilootaa, seelii bineeldotaa
Gaaffii:- Seelii Pirookaariyootaa fi Iyuukaariyootaa keessaa kamtu dura lafa irratti uumame sitti fakkaata? Akkamitti beekte?
4.3. Caasaalee Seelii fi Dalagaa isaanii
Qabiyyeen seelii membireenii seeliin yookiin cichaa seeliin marfamee jiru bakka gurguddaa lamatti qoodama.kunis niwukilasii fi saayitoopilaazimii dha. Kutaaleen kun lamaan seelii iyukaariyootaa keessatti pirootoopilaazimii jedhamu. Saayitoopilaazimiin kutaa lamatti qoodama. Isaanis saayitoosoolii fi orgaaneelota dha. Saayitoosooliin dhangala’oo saayitoopilaazimii yommuu ta’u orgaaneelonni caasaalee xixiqqoo baakteeriyaa fakkaatanii dhangala’oo saayitoopilaazimmi keessa rarra’anii argamanii fi dalagaa adda addaa qabani dha.

A. Niwukilasii

  • Orgaaneelii seelii bineeldotaa keessatti handhuura seeliitti, biqiloota keessatti gra cinaatti argamu dha.
  • Membireenii dachaa(membireenii niwukilaarii)tiin marfamee argama
  • Caasaa dhaala sanyii (kiroomozoomii) of keessaa qaba
  • Caasaalee gurguddoo afur qaba:
    o Niwukiloopilaazimii- dhangala’oo niwukilasiiti
    o Kiroomoozoomii- kirrii fakkaatee DNA fi pirootinii Histoonii irraa uumama
    o Niwukiloolasii- raayiboosoomii oomisha
    o Membireenii niwukilaarii- haguuggii niwukilasii ta’ee niwukilasii fi saayitoopilaazimii gargar baasa.
    B. Maayitookondoriyaa
  • Caasaa membireenii dachaa qabu yommuu ta’u membireeniin keessoo dadacha‘aa walxaxaa ta’dha.
  • Membireeniin keessoo gidduun isaa maatiriiksii dhangala’oon guutame qaba.
  • Dadacha’inni membireenii keessoo kiristee jedhamee beekama. Innis bakka walnyaatinsi keemikaalaa itti adeemsifamu dha.
  • Bakka gubmni soorataa eroobikaa itti gaggeeffamu waan ta’eef man’ee anniisaa seelii jedhamuun beekama.

Fakkii 4:2: caasaa seelii bineeldotaa

Fakkii:-4:3: caasaa seelii Biqilootaa

C. Reetikulamii Indoopilaazmawaa(RI)

  • orgaaneelii akka membireenii afamaa,dadacha’aa fi walxaxaa ta’e dha.
  • Caasaalee siisternee jedhaman,veezikiloota geejjibaa fi membireenii ujummoo fakkaatu of keessaa qaba.
  • Caasaan kun maayikirooskooppii elektirooniitiin yommuu ilaalamu gosa lama ta’ee mula’ata. Issanis RI shaakarra’aa fi RI lassanamaa dha.
  • RIshaakarra’an raayiboosoomii ofirratti maxxansee kan baatu yommuu ta’u RI lassanamaan pirootinii kan ofirraa hin qabne fi qaama goljiitti qabatee argamu dha.
  • Faayidaan RI pirootinii oomishuu,geejjibuu akkasumas coomaa fi isteerooyidoota oomishuuf gargaaru jedhamee amanama.
    D. Qaama goljii
  • Caasaa membireenii dacha qabuu fi saayitoopilaazimii keessatti cocopha fakkaatee mul’atu dha.
  • Maqaan caasaa kanaa bara 1898 nama Kaamiliyoon Goljii jedhamuun argame.
  • Faayidaa- keemikaalota gara isaanii dhufan tokko tokko gara waan haaraatti jijjiiru, akkasumas veezikiloota geejjibaa fi laayisoosomaata qopheessu
    E. Raayiboosoomii
  • Raayiboosomiin caasaalee xixiqqoo RNA fi pirootiinii irraa ijaaramani dha
  • Membireenii kan hin qabne ta’anii saayitoopilaazimii keessaa bilisaanii fi RI shaakarra’aatti maxxananii argamu.
  • Orgaaneelii seelii iyukaariyootaa fi pirookaariyootaa keessatti argaman keessaa isa tokko dha.
  • Seentiriifugii irratti hundaa ‘uun abbaa yuunitii guddaa(80s) fi yuunitii xiqqaa(70s) jedhamuun iddoo lamatti qoodamu.
    F. Saayitooskeleetenii
  • Isaan caasaalee fireemwoorkii keessoo seelii uumani dha.
  • Seelonni boca dhaabbataa akka qabaatan kan taasisanii fi jabina kanneen uumani dha.
  • Sochii fi hirmama seelii keessattis qooda fudhatu.

G. Maayikiroobodii (microbodies)

  • Membireenii dachaa kan qabanii fi kanneen peeroksisoomii fi gilaayooksisoomii hammatani dha.
  • Peeroksisoomiin seelii biqilootaa fi bineeldotaa keessatti yommuu argamu gilaayooksisoomiin seelii biqilootaa qofa keessatti argama.
    Gaaffii:- Faayidaa peerooksisoomii gilaayooksisoomii kitaaba dubbisuun ibsa.
    H. Kilooroopilaastii
  • Seelii biqilootaa qofa keessatti kan argaman ta’anii bakka ameesi footoosinteesisii itti adeemsifamu.
  • Membireenii dacha fi DNA mataa isaanii qabu.
    I. Laayisoosomota
  • Laayisoosomonni caasaalee seelii inzaamoota of keessaa qaban ta’nii wantoota seelii keessatti hin barbaachifne inzaayimoota kana fayyadamanii bulleessuun seelii keessaa dhabamsiisu.
    J. Membireenii seelii (Membireenii pilaazmaa)
  • Membireeniin seelii bineeldota keessatti gara alaatiin seelii marsanii argamu, biqiloota keessattii cichaa seeliitti aanuun gara keessaatti argamu.
  • Dandeettii wantoota filee of keessa dabarsuu waan qabuuf , seenuu fi ba’uu keemikaalota adda addaa to’achuun madaala wantootaa keessaa eega.
  • Baqqaanota lippiid baayilaayerii jedhamu kan foosfoolippiidii, gilaayikoolippiidii fi gilaayikoopirootinii irraa ijaarame qaba.
  • Walumaagalatti, membireeniin seelii qunnamtii seelii fi naannoo ta’ee qabiyyeewwan seelii kan walitti qabu dha.
    K. Cichaa Seelii
  • Seelii biqilootaa qofa keessatti membireenii seeliitti aanee gara alaatiin argama.
  • Caasaa seeliin biqilootaa kan bineedotaa caalaa akka jabaatu taasisu dha.
  • Kaarboohayidireetii irraa kan tolfamu ta’ee orgaanizimoota garaagaraa keessatti qabiyyeen isaa adda addaa dha Fakkeenyaaf:- Baakteeriyaa – Peeptidoogilaayikaanii
    Biqiloota – Seelulosii
    Fangasoota – kaayitinii
    Gaaffilee shaakalaa

Orgaaneelota seelii:
A, bineeldota qofa keessatti
B, biqiloota qofa keessatti fi
C, lamaanuu keessatti argaman adda baasaa tarreessaa.

Waa’ee orgaaneelota kanneen akka vaakiyuulii, pilaastiidotaa, seentiriyoolii, filaajellaa fi siiliyaa jedhaman kitaabota wabii dubbisuun gabaasa dareef dhiyeessaa
4.4. Geejjiba Seelii keessaa
4.3.1.1. Geejjiba paasivii
• Kun sochii molokiyuloonni seelii keessaa gara alaatti akkasumas alaa gara keessaatti anniisaa osoo hin barbaadin ofii isaanii taasisani dha.
• Sochiin molakiyulootaa kun seelii keessatti adeemsa diffuushinii jedhamuun adeemsifama.
• Diffuushinii:- Adeemsa molakiyuloonni yookiin ayoononni bakka cunqoon isaanii heddumminaan argamu irraa gara cunqoon isaanii xiqqeenyaan jirutti socho’ni dha. Innis seelii keessatti membireenii seelii keessaan raawwata.
• Diffushiniin kan dhaabbatu yommuu kuufamni gama lamaanii walqxxaatu dha. Yeroo kana yaa’insi gama lamaanitti ta’u walqixa ta’a.
• Diffuushininiin bishaanii osmoosisii jedhama. Kanaafuu, osmoosisiin yaa’insa bishaanii bulbula callaba’aa irraa gara isa cunqootti membireenii seelii keessaan ta’u dha.
• Bulbula seelii keessa jiruu wajjin walbira qabamee yommuu ilaalamu, bulbulli naannoo seelii bakka sadiitti qoodama.Isaani:
 Ayisootoonikii
 Hayipootoonikii fi
 Hayipertoonikii dha.
• Ayisootonikii :- yommuu cunqoon bulbulamaa keessa seelii fi ala seelii jiru walqixa ta’u dha. Yeroo kana sochiin bishaanii gara lamaanitti walqixa dha.
• Hayipootoonikii:- kun yeroo cunqoon bulbulamaa naannoo seelii kan keessatii gadi ta’u dha. Amma bishaan naannoo irraa gara seeliitti diffuusii gadha.
• Hayipertoonikii:- As keessatti cunqoon bulbulamaa naannoo seelii kan keessa seelii caala. Kanaafuu, bishaan seelii keessaa gara alaatti ya’a.
Gaaffiilee shaakalaa

Seelonni bineeldotaa fi biqilootaa bulbuloota hayipootoonikii fi hayipertoonikii keessa dabaree dabareen yoo ka’aman maal ta’u?

Kitaaba wabii dubbisuun jechoota armaan gadii hiika isaanii barreessuun dareef gabaasaa.
a) Kirineetii f) faagoosaayitoosisii g) eksoo saayitoosisii
b) Pilaasmoolisisii
c) Tarjidii
d) Geejjiba si’ata
e) Pinoosaayitoosisii

Boqonnaa 5

Pirinsipiloota Ramaddii Lubbu Qabeeyyii
Kaayyoo
Boqonnaa kana erga xumuranii booda kaadhimamtoonni barsiisotaa:
• Barbaachisummaa ramaddii lubbuqabeeyyii ni hubatu.
• Gita mootummaa biqilootaa gurguddoo adda baasuun fakkeenya isaanii waliin ni ibsu.
• Sirna qoodinsa mootummaa shanii ni ibsu.
• Tokkoo tokkoo mootummaa shananii kan akka Moneera, pirootistaa, fangaayii, biqilootaa fi bineeldotaa faakkeenya isaanii waliin ibsu
• Murna mootummaa biqilootaa gurguddoo ni tarreessu
• Murna mootummaa biqiloota gurguddoo ni ibsu
• Murna bineeldotaa lafee dhabeeyyii fi lafee qabeeyyiitti adda ni qoodu.
• Bineeldota lafe qabeeyyii gita shanitti ni qoodu
• Fakkeenya bineeldota lafee qabeeyyii gita shananii ni tarreessu

Seensa
Ramaddiin (classification) lubbu-qabeeyyii baayoloojii keessatti gocha (seenaa) turaadha—saayinsii lubbu-qabeeyyii wal-fakkenya, akaakilee irraa dhufan (orgin) fi hojii isaanitin qooduu fi maqaa moggaasudha. kunis saayintistii biyya Greek Aristotle 330 A.D. irraa eegalee hanga Saayintistii biyya Swedish , Carolus Linnaeus, bara 1750’s ,bara 1969, ekoloojistii biyya Ameerikaa R.H.Whittaker bal’chuun saayinsi guddataa fi foyyaa’aa dhufeedha. Akkasumas bara, 2006 Dr. Carl Woese fi saayinsistoota biroon saayinsii foyyaa’insi irratti godhameedha.
Ramaddiin raawwataa ture nam-tlchee fi uumama ture. Uumamni yeroo ammaa kan fudhatama argateedha.
Sanyiin lubbu qabeeyyii hedduudha. Lubbu qabeeyyiin yeroo kana lafa irra jiran miliyoona 5.3 jedhamanii tilmaamaman keessaa miliyoonni 1.7 maqaa saayinsaawaan moggaafamaniiru.
Jijjiiramni suuta suutaa karaa hundaan lubbu qabeeyyii keessatti garaagarummaa uumee jira. Walfakkeenyaa fi garaagarummaan lubbu qabeeyyii yeroo hunda waan mul’atudha.Qo’annaaf akka tolutti beektonni saayinsii Baayooloojii walfakkeenyaa fi garaagarummaa lubbu qabeeyyii hundaa gad fageenyaan qoratanii warra walfakkaatan bakka tokkotti ramadu. Kunis orgaanizimoota caasaan qaama isaanii walfakkaatu, amaloota karaa addaa addaan walitti isaan dhiyeessu xiinxaluun bakka tokkotti ramadu. Ramaddiin akkasii kun ramaddii lubbu qabeeyyii jedhama.
Saayintistiin ogummaa taaksoonoomii qabu taaksoonoomistii jedhama. Taaksoonoomiin jechoota Giriiki lama irraa dhufe. Isaanis: taaksii fi Noomii dha. Taaksii: Tartiibessuu ykn tarreessuu, Noomii: Seera jechuudha. Walumaa galatti taaksoonoomii jechuun seera tartiibessuu jechuudha.
Taaksoonoomiin dalaga lama qaba. Isaanis:

  1. Orgaanizimoota hubachuu fi gad- fageenyyan bu’uura isaanii irratti ibsa guutummaa kennuu fi
  2. Orgaanizimoota ramaduu fi walitti dhufeenya isaanii hubachuu dha.
    Gaaffii
    Lubbu qabeeyyii walfakkeenyaa fi garaagarummaa isaanii irratti hundaa’uun ramaduunmaaliif barbaachisa jettanii yaaddu?. Irratti mari’achuun dareef ibsaa.

5.1. Barbaachisummaa Ramaddii
Beekumsi ramaddii ogummaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef qorannoo fi qo’annoo garaagaraaf bu’aa guddaa qaba.Bu’aan kunis:
• Orgaanizimoota wal-fakkaatan bakka tokkotti gurmeessuun waa’ee isaanii gad-fageenyaan qorachuuf.

  1. Maqaan orgaanizimoota naannoo tokkoo naannoo birootti waan hin hojjenneef maaqaa
    orgaanizimootaa saayintistoonni addunyaa itti walii galan uumuuf
  2. Qo’annoo orgaanizimootaa salphisuuf
    5.2. Bu’uura ramaddii
    I.Caasaa seelii (cell structure)
    Prokaryoota ykn Iyuukaaryoota ta’uu
    Cichaa seelii qabaachuu fi dhabuu
    Cichaan seelii akkamittii fi maal irraa akka ijaarame (its chemistry)
    Caasaalee seelii biro (organeloota) qabaachuu fi dhabuu
    II.Ijaarama seelii(cellularity)
    Seel-qeenxee ykn seel-heddu ta’uu
    Ijaaramni seelii gara tishuutti ta’uu
    III.Akkaataa soorataa (mode of nutrition)
    Hetrotrofiikii(qophaa’aa soorachuu) ykn Autotroofika(qopheeffattoota)
    Footoautotroofika ykn Keemoautotroofika
    Sappiroofaayitoota ykn liqmsiitoota (ingestive)
    5.3.Seenaa Ramaddii Lubbu qabeeyyii
    I. Aristootili (384 – 322):
    Aristootil adeemsa ramaddii isaa keessatti orgaanizimoota iddoo lamatti qoodeera. Isaanis, Mootummaa bineeldotaa fi mootummaa biqilootaati. Biqiloota akkaataa dheerina isaaniitiin heerbiis, shiraabsii fi mukkeen jechuun ramadeera. Bineeldota immoo akkaataa bidoollee isaniitiin bineeldota lafaa, bishaanii fi qilleensa keessa jiraatan jechuun ramadeera.
    II. Kaarloos Liinasii (1707 – 1778):
     Nama yeroo jalqabaaf orgaanizimoota akkaataa walfakkaatinaa fi garaagarummaa isaaniitiin ramade dha. Innis: Mootummaa, Murna, Gita, Orderii, Warra, Qaccee fi Sanyii jechuudhaani dha.
    Mootummaa
    Murna
    Gita
    Oorderii
    Warra
    Qacce Sanyii

Fakkii :5:1: Sadarkaalee ramaddii gurmuu orgaanizimootaa
 Liinas, waa’ee sirna ramaddii yaada bu’uuraa waan ibseef abbaa sirna ramaddii jedhamuun beekama. Maqaa saayinsaawaa qopheessuun Laatiniin ykn Girikiin maqaa orgaanizimootaa moggaaseera.
 Liinas moggaasa maqaa keessatti jechoota lamaan gargaarameera. Isaanis, maqaa qaccee (Genetic name) fi maqaa sanyii (Specific name) dha. Adeemsi moggaasa maqaa lamee Liinas kun “Binomial system of Nomenclature” jedhama.
Moggaasni maqaa lamee Liinasii adeemsa moggaasa walxaxaa jaarraa 18ffaa dura ture salphiseera.
Yeroo mooggasni maqaa lama Linneaus fudhatama godhtee kaasee sadarkaaleen taxonomii dabalamaniiru. Ramaddiin lubbu-qabeeyyii yeroo hunda jijjiiramaa kan turee fi ammas kan jiruudha. Kunis beekumsi dabalaa deemuu fi meeshaalee fi tooftaaleen qorannoo foyyaa’aa deemuudha ( fkn. DNA xiinxaluu).
5.4.Moggaasa maqaa saayinsaawaa lubbu qabeeyyii
Lubbu qabeeyyiin lafa kana irra jiran, afaan adda addaatiin maqaa garaa garaa qabu. Fakkeenyaaf Jeedala diimaa, afaan Oromootiin Jeedala diimaa jedhama, afaan Amaaraatiin keyi qeberoo jedhama, afaan Tigireetiin immoo keyih wukari’a jedhama. Kanaafuu, rakkoo kana hambisuuf jecha lubbu qabeeyyii maqaa saayinsaawaa wal fakkaatu tokkoon moggaasuun murteessaadha. Maqaan saayinsaawaa kun immoo maqaa lama of keessaa qaba. Isa anis: Maqaa qaccee fi maqaa sanyiidha.
5.5.Seerota maqaa saayinsaawaa barreessuuf gargaaran

  1. Maqaan inni jalqabaa maqaa qaccee orgaanizimiin sun keessatti argamu ta’uu qaba.
    Maqaan qaccee kun qubeen inni jalqabaa qubee guddaan barreeffamuu qaba.
  2. Maqaan inni lammaffaan immoo maqaa sanyii orgaanisimiin sun keessatti argamudha.
    Qubeen jalqabaa maqaa sanyii qubee xiqqaan barreeffamuu qaba.
  3. Maqaan lamaanuu jala sararamuu qaba. Kan piriintii goonu yoo ta’e immoo itaalikii
    ta’uu qaba.
    Gabatee 1: Fakkeenya maqaa saayinsaawaa orgaanizimoota tokko tokkoo
    Maqaa beekamaa Maqaa saayinsaawaa
    Nama Homoo saappiyaanii (Homo sapiens)
    Saree Kanis familaarisii (Canis familiaris)
    Titiisa Muskaa domestikaa (Musca domestica)
    Adurree manaa Filiis domestikasi (Felis domesticus)
    Boqqolloo Zii meyisii (Zea mays)
    Baaqelaa Fosi’olasii vulgaarisii (Phoseolus vulgaris)
    Leenca Paanteraa li’oo (Panthera leo)

III. Roberti H. Whittakar: Saayintistii lammii biyya Amerikaa bara 1969 lubbu qabeeyyii hunda mootummaa shanitti ramadee ture.
Hanga 1990’s, mootummoonni; 5 turan: Monera, Protista, Fungi, biqilootaa fi bineeldota dha. Amma bara, 2006 tti, guutuma guututti ramaddii haaran bu’uura aragannoo haaratiin raawwateera .Dr. Carl Woese fi saainsiistoonni biro organiizimoota pirookariyoota ta’ani duraan hin baramneef ragaalee argataniiru. Organizimoonni kun naannoo adda ta’e(in extreme environments) keessa jiraat.fkf. galaana gad-fagoo hydrothermal vents, “black smokers”, hot springs, the Dead Sea, acid lakes, salt evaporation ponds – naannoolee saayinsiistoonni lubbutu jiran jedhanii hin yaadne hundi lubbu qabeeyyiin guutamoodha. Sababa pirokaryoota fakkataaniif , akka bacteria kan hubatamanii fi maqaan isaanii “archaebacteria” (‘ancient’ bacteria) dha. Haa ta’u malee kan mulataa jiru akka amalli xiinxalli biokeemistrii , DNA fi RNA tartiibessuu ibsuttii Arkiiyaa (Archaea) fi baakteeriyaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Dur arkiyan baakteeriyaa caalaa iyukaariyootaatti dhiyaatu jedhamanii turan. Har’a garuu arkiyaan baakteeriyaa wajjin walitti qindaa’aniiru. Taxonomistoonni moodela ramaddii akaakilee
mootummaa ol ta’e kan doomeenii jedhamu kaa’ani jiru.Domeenoonni sadan arkiyaa( Archaea )
( prokaariyoota naannoo addaa fi rakkisaa ta’e jiraatan kan akka archaebacteria). Baakteeriyaa
(Bacteria)(prokaariyoota beekamaa),fi iyukaariyoota ( Eukarya) -Protistaa, Fungi, Biqiloota fi
Bineeldota of keessaa qaba. Ramaddiin haaraan haaran doomeniin sadiin gaggeeffame mootommaalee adda addaa of kessaa qaba. Mootummaan moneeraa duraanii baacteeriyaa fi arkiyaa gidduutti adda bahe. Doomenin eyukaariyaa immoo mootummoota durii piroteestaa,
fangasii,biqilootaa fi bineeldota of keessatti hammata.

Gabatee .2.Doomenii gurguddoo lubbu qabeeyyii
Mootummaa Amala Fakeenya
Moneeraa Seel-qeenxee
Pirookaariyoota N-kanneen fiikseesssan, Saphaphuu cuqul-magarisa
Bakteeriyaa graam pozativii, Bakteeriyaa maramee, Maxxantoota
Piroteestaa
Baay’een seel-qeenxee, Iyuukaaryoota
Moraasni walittii maratanii(colonial) Ameebaa , Paramaasiyeemii , Iguliinaaa, Saaphaphuu
Fangasii
Baay’een seelii-heddu, Iyuukaariyoota, Kan biroo sooratu, Hin socho’an Mushrooms, Molds & Mildews, Seel-qeenxeedha.
Biqiloota
Seelii-heddu, Iyukaariyoota , Soorata qopheeffatu, Hin socho’an
Cichaa seelii seelulosii irrraa hojjatme qabu Moosii, Fernisi, Biqiloota daraaraa, Bushes, Mukkeen
Bineeldota
Seelii-heddu, Iyukaariyoota ,Soorata qophaa’e nyaatu
Ni socho’u, Qaama miiraa beekamaa Ilbiisota, Qurxummiilee, Crabs
Qurxummii, Allaattiwan
Leenca,qeeransa , Bears

5.6. Mootummaa Moneeraa
Warra prokariyootaa of keessa qaba. Meembireenii nikulasii waantota jenetikaa isaanii golgaan kan hin qabne.
Caasaalee seelii membireenii dacha ta’an hin qaban.
Fkf. Saayinoo baakteeriyaa/saaphaphuu-cuqulmagariisaa fi baakteeriyaa dhugaa.
5.6.1.Saaphaphuu cuqul-magariisa
Caasaa saphaa kan qabanii fi organizimoota soorata qopheeffataniidha.
Tokko –tokkoon isaanii maayikiroos-koppii malee hin mul’atan.
Seel-qeenxee ta’anii kan walitti qabatanii fi caasaa filaamentii kan qaban jiran.
Sil-qixa hin qaban.sochii akka gangalannaa taasisu.
Halluun isaan qaban cuquliisa(phycocyanin) fi diimaa (phycoerthrin)
Cichaa seelii seluulosiipeeptdoogilaykaanii fi wanta biro qabaatee aguuggii jellaatiinii qabu.kun baakteeriyaa biro irraa adda isaan godha.
Saayotooplasmaan –raayiboozomii, waantota nyaataa fi afuuffee qilleensaa (gas vesicles) qaba.
Afuuffeen qilleensaa bololi’uuf gargaara.
Membireenii plasmaa qofa fi kiromoozomii tokko qabu.
Naannoo kamittu ni argamu.fkn. bishaan lagaa(fresh water), bishaan ashaboo,lafa jiidhaa,dhagaa,
Dhagaa ,biyyoo fi quncee mukaa.
Ardii hundatti faca’anii argamu(tirooppikaalaa amma waaltaa fi ho’a bal’aa kan danda’aniidha.
Kaan organizimoota biro wajjin jiraatu. Fkn. Lichens.
Wal-hormaata assaaleessaa gaggeessu
Faayidaa isaanii
Soorta organizimoota bishaanna’oo
Naayitiroojini fiiksessuu, kun immoo xaa’uummaaf.
Albuudota lafa keessatti walitti qabuu.
Yoo to’annaa hin qabne foolii bishaanii ni jijjiiru
Biinsota bosanaaf summii ta’uu ni danda’u
5.6.2.Baakteeriyaa dhugaa (Eubacteria)
 Baay’een isaaniiseel-qeenxee ta’anii kaan isaanii damee salphaan (filaamentii) ykn walitti qabachuun(colonial) jiraatu.
 Qaamaan xixxiqqoodha fkf,guddaan 1/10 mm fi xiqqaan 1/100mm
 Cichaa seelii cimaa peptiddogilaakaan irraa hojjatametu qaama golgee argama.
Leenjifamtootaa ! Gocha! Baakteeriyaaan eessa jiraachuu danda’u? Green irratii mariyachuun gabaasa dhiyeessa.
 Baakteeriyaan maxxantuu keessummoota miidhuun jiraataniidha
 Wal-utubbii keessummeessitootaan( symbiotic,mutalistic) ta’anii kan jiraatan.
 Footosenteetik kan ta’an; footoo awutootiroofikii ykn keemoo-awutootiroofikii
 Hetirootiroofikii kan ta’an;waan du’aa diiguun(saprophatic) ykn maxxantuu ta’uun jiraatu.
 Wal-hormaata assaalessaa bakka-lamatti bahuun wal-horu.ariitiin wal-horu.
 Haala tokko tokko keessatti kanneen endospoorii uummatan jiran.kun seeliin caccaabuun cichaa cimaa uummatanii sochii malee turuudha.yeroo haalli mijateef waan barbaachisu galchuun wal-hormaata gaggeessu.
Fkf . Bacillus fi Closridium
 Maxxntoonni dhukkuba nama fi biqilootaaf sababa ta’an jiru.
Fakeenya isaanii kennaa
5.7. Mootummaa pirotista
Waggoottaan miliyoona 2 dura lubbu qabeeyyyiin hundi seel-qeenxee fi pirokaariyoota turan.kana booda waggoottaan mil.1.5 darban keessa organizimoonni biraa mul’achuu jalqaban. Organizimoonni mul’atan kun isaan duraa caalaa guddina kan qabanii fi seelii isaanii qeenxee keessatti haguuggii membireenii qabu.DNA ykn wantootni jenetika isaanii membireenii kan keessatti golgamee argama.kunis mallattoo argama eyukaariyootaa agrsiise. Eyukaariyoota DNA, isaanii saayitopilsmii keessa boli’ee itoo hin ta’in membreenii nikulasiin golgamee argama. Pirotitoonni nikulasii dhugaa kan qabanii fi dabaltaanis orgaaneeloota membireeniin golgaman ni qabu.
Bu’uura sooranna isaanin bakka 2tti qoodamu.
Hetirootrofota fkn. pirotozuwaa
Autotroofota fkn .saaphaphuu
5.8.Mootummaa Fangasii
Garee afuritti qoodamu.qoodamni isaanii akkaataa wal-hormaata isaanii irratti hundaa’e.
Footosenteesisii hingaggeessan.biyoo keessa bakka biqiloonnii fi bineeldoonni itti
bosbosan jiraatu , maxxantuummaa fi luubbuqabeyyi irratti hirkatnii soorata xuuxu.
Cichaa seelii kaayitiin irraa ijaaramee fi soorata zayitaa fi gilaayikojinii kuusu.
Warren seelii heddu ta’an qaamni isaanii hayifee irra ijaarame.hayifeen walitti hidhamuun maasiiliyaa ijaaran.
Gosoosota adda addaa jiran keessa ( division zygomycota, Ascomycota,Basidomycota, Deuteromycota) beekamoodha
I. Garee zaayigomaayikoota(Division Zygomycota)
Hyifee wal-keessa gale kan qaban .qaama firii beekamaa hin qaban.fkn harrii daabboo gurracha.Rhizopus nigricans
Wal-hormaata assaalessaa ispooriin iporangiyemii keessatti horachuun ,maxxantoota biqilootaa fi bineeldotaa ta’uun jiraatu.qaama raayizoyidii,stolanii qabu.
II.Garee Askomaayikoota(Division Ascomycota).
Askomyisitii warri jedhaman ispooriin isaanii askii kan jedhamu keessatti omiishu
Hayifeen isaanii septaa(cihaa wal-keessa gale qaba).
Kanneen faayidaa qabanii fi miidha qaban of keessa qabu.
Kanneen miidha qaban fkn niwurospora(pink bread mould) keekii irratti biqiluun kan samsiisan,fuduraalee kan ballessan,awwaroo garbuu fi wamadii(ergot) kan ta’an .
Faayidaa kanneen qaban Fkn Raaciitii fi peenisiliniin as keessatti argamu
III.Garee Basidomaayikotaa (Division Basidomycota)(club fung)
Sanyiiwwan kuma 25,000 ol qabu.coommee, dhuufuu jaarsaa, fungasii brakeet, toad-
stools, stinkhorn fi maxxantoota akka ismatisii fi rastii of keessaa qaba.
Mukarra kan jiraatan ta’ee maxxantootaa fi sappiroofayitika warra ta’an of keessa qabu
Caasaa hormaataa baasidiyam jedhamuu fi basidoo ispoorii 4 of keessa qabu.
Hayifee kutaa adda addaatti qoodame qabu. Biyyoo fi biqiloota tortoran irratti argamu.
Warren maxxantoota ta’an miidhaan calla akka qamadii,ajjaa,garbuu misingaa fi boqqoolloo miidhuun beekamu.
IV.Garee Ditiroomaayikoota (Division Deuteromycota)
Fangaayi Imparfeektii jedhamee beekamaa. Wal-hormaanni saalaa isaan keessatti beekamaa miti. Maxxantoota biqilootaa fi nama beekamoodha.
Fkn kuduraalee fi fuduraalee akka timamatimaa,raafuu,applilii ,loomii akkasumas kanneen akka ataraa.
Nama – keessatti oo’ichoo, baarillee fiduun beekamu.
Sappiroofaayita ykn maxxantuu ta’uun biyyee,qillensa fi bishaan keessatti argamu.
Wal-hormaata assaleessaa hyifee gara olii koniidoofors jedhamuun wal-horu.
Arrii dhagaa (Lichens)
Waliin jireenya saaphaphuu fi fangasiitiin uumama. Saaphaphuu cuqul-magariisa ykn magariisa yoo ta’u, fangasiin immoo askoomayisiitii irraa walitti dhufan. Soorataan wal-deggeru. Fangasiin lafa keessaa abuuda xuuxuun fi saaphaphuun kiloorofilii waan qabuuf soorta qopheessa. Muka tabbaa fi lafa dhagaa irratti biqiluun beekamu. Biyyee uummuu keessatti gahee qabu.soorataaf ni oolu, halluu hojjachuuf faayidaa qabu.faayidaa baayolojikaalaa ni qabu. Qillensi faalamuu ni mul’su. Bakka qileensi faalametti hin argaman.
5.9.Mootummaa Biqilootaa
Mootummaan biqilootaa, orgaanizimoota garaa garaa kanneen akka moosesii irraa eegalee hanga mukoota gurguddoo kan jiran hammatudha. Sanyiilee biqilootaa hanga ammatti adda bahan keessaa harki caalan biqiloota daraaraadha.
Mootummaan biqilootaa, biqiloota daraaraa qabeeyyii fi daraaraa maleeyyii hammata. Mootummaan kun murnaa garaa garaa qaba. Murni baay’ee barbaachisoo ta’an akka armaan gaditi tarreeffamaniru. Isaanis:
 Murna Biryoofaayitaa: kun liver wortii fi moosisii hammata
 Murna Teridoofaayitaa (Filisinoofaayitaa): kun farnoota hammata
 Murna Jayminospermii (Koniferoofaayitaa): kun koniiferoota hammata.
 Murna Anjiyospermii (Anjospermofayitaa): kun biqiloota daraaraa dhugaa hammata.

I.Biriyoofaayitoota (Bryophytes)
Amaloota waligalaa Biriyoofaayitootaa

  • Biriyoofaayitotni biqiloota magariisa hammaan xiqqaa ta’anii fi qaama walitti qabataa (Compact) ta’e qabanii dha. Akkuma saphaphuu magariisaa, kiloroofilii a fi b qabu. Ittidhabalees, istaarchii, seluulosii cichaan seelii irra hojjetame, fi sanyii kormaa socho’u qabu.
  • Biriyoofaayitootni tishuu vaaskularaa sirritti guddate fi tishuu liginifaayidii ta’e waan hin qabineef, guddinni isaanii lafarraa ol baayyee hin fagaanne. Haata’u malee sanyiin biriyoofaayitaa muraasni (fkn moosisii) walakkeessa qaama isaanii keessaa seeloota akka tishuu vaaskuraritti hojjetan qabu.
  • Biriyoofaayitonni baalaa fi jirma dhugaa hin qaban.
  • Birifaayitoonni caasaa rifeensa fakkaatu, seelii epidarmii dheerata, caasaa raayizooyidii jedhamu qabu. Caasaan kun qaama karaa jala jiru irraa uumamee, biqiloota kana lafatti hidhee qaba.. Biriiyofaayitootni albuudotaa fi wantoota barbaachisoo ta’an kan argatan awaara, rooba fi bishaan lafarratti kuufamee irraa ti.
  • Marsaa jireenya isaanii keessatti, dhalootni gameetofaayitii ol-aantummaa (dominant) qaba. Gameetofaayitiin wagga-hedduu (perennial) kan ta’ee fi gameentanjiyaa (Arkegooniyaa fi antiriidiyaa) kan ofirratti uummatuu dha. Arkegooniyaan, qaama walhormaata dhalaa boca bilillee (flask) fakkaatu kan qabuu fi hanqaaquu tokko kan keessatti uumamuu dha.
    Antiridiyaan immoo boca qalqalloo fakkaatu kan qabuu fi sanyii kormaa adeemsa hirmama seelii maayitosisii kan omishuu dha. Anteriidiyaa sanyi kormaa hedduu omisha.
  • Ispoorofaayitiin yeroo gabaabaa kan jiraatu fi birki dhabeeyyii dha. Fiixee isaa irratti ispooraajiyaa,ispoorii omishu qaba. Ispoorofayitootni nyaata qopheeffachuu haa danda’an malee, hanga dhumatti gametofayitti hirkatee jiraata. Ispoorofaayitonni lafa wajjin quunnamtii hin qaban. Ispooriin qilleensaa baatamee faca’a.
  • Sanyiin kormaa sil-qixa lama kan qabu ta’e, hanqaaquu bira ga’uuf bishaan keessa daakee dhaqa. Kanaaf, wal hormaata saalessaaf bishaan barbaadu. Walhormaata alsaalessaa karaa adda addaa gaggeessu.Fkn: Caasaa gemmee uumuun, ciccituu, debi’ee fayyuu (regeneration)
  • Biriyoofaayitootni bidoollee kamiyyuu keessa jiraachuu ni danda’u. Haata’u malee bidoollee jiidhina qabu fi gaaddisni bakka jirutti hedduminaan argamu.
  • Biriyofaayitotni biqiloota lafarra jiraachuuf guutuma guututti hin milkaa’iin malee, biqiloota lafarra jiraachuu danda’anii dha. Sanyii biriiyofaayitootaa tokko tokko caasaalee bishaan qusachiisuu danda kan akka katikilii fi istoomaataa cufamu waan qabaniif bakka bishaan hanquu jiru, kanneen akka gammoojjii, dhagarra, mudhii lafaa gararraa fi goodaa fi kkf keessa jiraachuu ni danda’u.
    II.Murna Teriidofaayitaa (Kaarolee)
    Amaloota waligalaa
    Kaaroleen saayiwwan 12,000 ta’an kan lubbun jiraatan qabu. kanaaf, kaaroleen biqiloota saayi maleeyyii vaaskularawwaa keessaa baayyina sanyii isaaniin kan itti gitan hin jiran. Bidoollee adda addaa keessatti haa argaman iyyuu malee irra caalmaan naannoo mudhii lafatti argamu. Itti dabalees naannoo tempireetii fi gammoojjiti ni argamu.Qacceewwan kaarolee tokko tokko baala baayyee dheera fi walxaxaa ta’e qabu.
  • Qaamni kaarolee siritti mul’atu baala isaa ti. Baalli kun firoondii (fronds) jedhama. Baalli kun jirma sifonstelikii ykn Iyustelikii ta’e irraa waggaa waggaan ni marga.Baalli jalqaba uumamu fiixeen isaa ni marama. Kunis sababa guddinni karaa jalaa kan irraa caalaan saffisaa waan ta’eef. Haalli guddina akkasii sirsineet verneshinni (Circinate vernation) jedhama.Baalli kaarolee yeroo mara gabbataa (fertile) dha. Baalli kun istirobilaayii hin uummatu.
  • Balli kaarolee karaa jala isaa tuutawwan ispoorangiyaa soorasii (sorus) jedhamu quba.Soorasii sanyii isaanii tokko tokko keessatti irra baalatti waan uumamuu tokkoon haguugamee jira. Innis indusiyemii jedhma.Sanyii isaanii kaan keessatti immoo sorasiin haguuggii induusiyeemii hin qabu yookaan immoo cinni baalaa ol-dacha’ee haguugee argama.Kaarolee muraasa irraa kan hafe, sanyiin isaanii hedduu ispoorii gos – tokkee omishu.
  • Akkuma biqiloota vaaskulaaroota hedduu, kaaroleen jalqaba gosa isporaanjiyaa Iyusporaanjetii (eusporaagiate) jedhama qabu. Gosti ispooraajiyaa kanaa birqabaan yoo ilaalame hamman guddaa, utubaa furdaa (massive stalk) kan qabu ykn hin qabne ta’uu danda’a.Akkasumas, ispooriin isaanii hedduun cicha ispooranjiyaa bqqaana hedduu qabuun marfamee argama.
  • Kaaroleen biroon immoo isporaanjiyaa xiqqaa, jirma qal’aa fi cicha haphii qabu. Isporaanjiyaan akkasii Leptosporaanjeetii jedhama. Tokko tokkoon sanyiwwan kaarolee keessatti ispoorii miliyonotaan lakkaa’amanitu omishama.Kanaaf sababa kan ta.u sorasiin tokko isporaanjiyaa hedduu waan of keessatti qabatuuf dha.
  • Ispooriin isporaanjiyaa keessaa kan harca’u karaa caasaa annulasii isporaanjiyaa marsee argamuu ti. Annulasii kun cicha karaa irraa haphina ta’e kan qabuu fi akka qubellatti isporaanjiyaa marsee kan argamuudha. Cichi annulasii yeroo gogu shuntuuruun ni tarsa’uun ispoorii gad lakkisa.Ispooronni harca’an kun bakka mijaa’aa oggaa qubatan biqiluun gara gametoofaayitii jaqabaa, pirotenematti guddatu.
  • Pirotoneemaan qaamolee adda addaa uumachuun gara gameetofaayitii magariisa boca onnee qabutti guddata.Gameetofaayitiin lafatti kan qabatu caasaa raayizoyidii jedhamu qaba. Gaametofaayitiin saal-lamee ta’ee qaamni walamaataa isaanii karaa jalaa argama.
    Arkegoniyaan gara dhooqa gameetofaayitiitti siqee tishuu gametofaayitii keessa suuqamee morma isaa olbaafatee argama.Anteridiyaan immoo naannoo fiixee qara gameetofaayititti siquun raayizoyidiin walmakatee argama.Arkegoniyaan gaameetota sil-qixa hedduu qaban omisha.gaameetiin kun bishaan keessa daakuun arkegoooniyaa bira gahuun karaa morma seenee hanqaaquu bira ga’ee gabbisa.
    Hanqaaquun gabbate isporofaayititti daddaffiin guddatee gameetofaayitii irraa bilisa ta’ee jiraata.
    III. Biqiloota Daraaraa Dhabeeyyii ( Jiminoospermoota)
     Jiminoospermiin biqiloota sanyii qabeeyyii ta’anii fi biqiloota daraaraa
    qabeeyyitti aanuun heddumminnaan lafa irraa kan jiraataniidha.
    Amaloota Waliigalaa Biqiloota Jiminoospermii:
    • Sanyii qullaa ta’e qabu malee daraaraa dhabeeyyiidha.
    • Saanyiin isaanii firiidhaan kan golgame osoo hin ta’in kan baala adda ta’e ispooroofilasii jedhamu irratti argama.
    • Tuutni ispooroofilsii kun koonsii ykn istiroobilii jedhama .
    • Ispooroofilsiin qalqalloo ispooraanjiyaa jedhamu qaba. Pooleeneeshinii booda bullaan koonii keessaa gadi lakkifamu sanyii korma qabu, kallattiin ooviyuulii bira ga’a.
    • Qaamni hormaata kormaa fi dhalaa baayyee kan gadi xiqqaatani miti.
    • Qaamni hormaata dhalaa caasaa venterii arkegooniyemii jedhamu keessatti qophaa’a. Wal- fudhannaan sanyii korma fi dhalaa / fertilization) raawwatamu qeenxeedha.
    • Pooleeneeshiniin gargarsa qilleensaatiin milkaa’a.
    • Kuusaan nyaata sanyii ( endosperm) kiroomoosomii qeenxee qofa qaba.
    • Zaayilamiin isaanii veeselsii dhabeessa, seeloota kompaaniyeenis fooliyeemii keessaa hin qaban.
    Gocha:
    Naannoo keessanitti biqilootni jimnospermii jedhamanii beekaman enyufaa dha?

IV.Biqiloota Daraaraa (Angiosperms)
Amala Waliigalaa Biqiloota Daraara
Biqiloonni daraaraa, biqiloota olaantota keessaa gosa tokko. Biqiloonni daraaraa biqiloota daraaraa fi sanyii qabanidha. Sanyiin biqiloota kanaa qaama isa golgu qaba. Biqiloonni kun dheerina jireenyaatiin ( Lifespans) garaagarumma qabu. Kunis dheerinni jireenya isaani waggaa tokko fi isaa gadii kan ta’aanii fi waggoota dhibbaa hedduuf jiraachuu kan danda’aanii dha.
Biqiloonni daraaraa marsaa jireenya isaanii waggaa tokko fi gaditti xumuraan biqiloota bar tokkoo ( annuals) jedhamu. Biqiloonnii marsaa jireenya isaanii waggaa lama keessatti xumuran biqiloota bar lamaa ( Biennials) jedhamu . Biqiloonni marsaa jireenyaa isaanii xumuruuf waggaa lamaa ol itti fudhatu biqiloota bar hedduu ( Perennials) jedhamuun beekamu.

  • Biqiloonni daraaraa biqiloota naannoo garaa garaa keessa jiraachuu danda’aaniidha. Fakkeenyaaf lafa – Garmmoojji ho’aa, lafa ol ka’aa (tulluu irra), Lafa margaa ( grass lands) fi kkf keessa jiraachuu danda’a.
  • Biqilootnii kun hangaan garaagarummaa qubu. Kuniis biqiloota bishaan iirra bololi’an dheerinni isaanii seentimeetira 5 irraa hanga mukoolee gurguddoo meetira 60 dheerachuu danda’aan ta’uu isaanitiin ibsama.
  • Marsaa jireenya isaanii keessatti dhaloonni mula‘ataa ta’e dhaloota Isporoofaayititii.
  • Dhaloonni gameetoofaayiti baay’ee kan xiqqaateedha.
  • Gaameetiin dhiiraa fi dhalaa feezii gaameetoofaayitii maayikirooskoppiin kan ilaalamanii fi tiishuu feezii isporoofaayitii keessatti guddachuu kan jalqabaniidha.
  • Baay’een isaanii Poolineessuu alagaa yoo geggeessan muraasni isaanii immoo ofiin of poolineessuu. Poolineessuun alagaa kun kan geggeeffamu wantoota gara garaatiini fakkeenyaaf qilleensa,ilbisoota bineeladoota akka simbirroo fi kkf niini.
  • Fartilaayizeeshiniin booda oovariin gara sanyitti guddata. Ooviyuuliin immoo gara firiitti guddata.

5.10.Mootummaa Bineeldotaa
Bineeldonni hundi isaanii seelii hedduu irraa ijaaraman. Baay’een isaanii bakka irraa bakkatti socho’uu danda’u. Seeliin bineeldotaa halluu magariisa waan hin qabneef nyaata isaanii qopheeffachuu hin danda’an. Kanaafuu, hertirootiroofikii jedhamu. Seeliin isaanii cichaa seelii hin qabu. Sirna narvii ni qabu. Bineeldonni murna heddu qabu. Haata’u malee, kanneen keessaa kan gurguddoo ta’an qofa ilaalla.
 Murna poriiferaa (Fakkeenya: Ispoonjota)
 Murna seelentirata (Fakkeeny: nidaariyaa)
 Murna pilaatiihelementoota (Fakkeenya: Raammoo battee)
 Murna nemaatoodaa (Fakkeenya: Raammoo ulee)
 Murna Analiidaa (Fakkeenya: Raammoo sararaa)
 Murna Muluskaa (Fakkeenya: Bineeldota qaama lallaafoo, kan akka cilalluu)
 Murna Ikinoodarmaataa ( Fakkeenya: Bineeldota gogaa qoraattii)
 Murna Artiroopoodaa (Fakkeenya: Bineeldota miila walqabataa)
 Murna Kordaataa (Fakkeenya: Bineeldota Notokoordii qaban)
5.10.1.Bidoolleewwan Bineeldota Invertebireetii
Bineeldotni invertebireetotaa, lubbu-qabeeyyii bakka hundaa jiraatan jedhamuu danda’u. Akka waliigalaatti invertebireetonni bidoolleewwan bishaan haaraa, bishaan ashaboo fi lafawaa irra jiraatu
5.10.2.Faayidaa Invertebireetota Qoraachuun Qabu
Sirnakkoo keessatti bakka quddaa qabu. Kanneen keessaa muraasni:

  • Ilbiisotni adeemsa polineessuun walhormaata biqiloota daraaraa keessatti qooda guddaa qabu.
  • Raammoo lafaa (‘earthworm’) albudoota adda addaa keessa biyyeetii ol baasuun gabbina biyyee dabaluu misooma qonnaa keessatti ga’ee taphatu.
  • Soorata namaa tolchuun (fkn. kannisa) akkasumas soorata namaa ta’uun (fkn. mootuu rirmaa, hawaannisa fi qumbursaa),
  • Qo’annoo fi qorannoo saayinsawaaf, kkf. Akkasumas invertebireetonni nama dabalatee bineeldotaa fi biqiloota adda addaa ni hubu. Ofii isaaniif qabeenya namaa bal’eessuu, dhukkuba daddabarsuu fi nama irratti maxxantuu ta’uun rakkoo geessisu. Kanaaf balaa isaan geessisan dhabamsiisuu fi irraas fayyadamuuf qorannoon invertebireetotaa barbaachisaa dha. I.Murna Pooriiferaa (Ispoonjota)
    Amaloota Waliigalaa Ispoonjotaa
  • Jiisaa malee ga’eessotni hin socho’an.
  • Sirna Qaawwaa Bishaanii (‘Water Canal System’) qabu. Qaama irraa qaawwaa xixiqqoo oostiyaa (‘Ostia’) jedhamuu fi fiixee gubbaarratti immoo qaawwaa guddaa oskulam (‘Oscullum’) jedhamu qabu.
  • Seellii narvii hin qaban
    Tishuu haalaan qindaa’ee fi qaama (‘Organ’) hin qaban.

II.Murna seelentirata ( Nidaariyaa)
Amaloota Waliigalaa Nidaariyaa

  • Tishuu dhugaa fi qaama (‘Organ’) dagaaguu eegalee (Fkn olfactory) qabu.
  • Dippiloobilaastikii waan ta’aniif baqqaana alaa ippiidermii fi keessaa gaastiroodermii kanneen caasaa mit – seelawaa dhoqonaa’aa meesoogiliyaan jedhamuun gargar qoodaman qabu.
  • Simeetirii tamsa’aa (Radial yookaan ‘biradial’) qabu.
  • Qaawwaa ‘afaanii’ soorata fudhachuuf soorata hin daakamin gad gatan tokkicha fiixee irraa qabu.
  • Afaan caasaalee qaccee fakkaatan kanneen teentaakilii jedhamuun marfama.
  • Qaawwaa sooratni keessatti bullaa’u gaastiroovaaskulaar ta’e qabu. Qaawwaan kun ‘selentiroon’ jedhama. Nayideeriyaan maqaa ‘selentireetaa’ jedhamu kanarraa argatan.
  • Nayideeriyaan amala boc-lamee (‘bimorphism’) agarsiisu. Isaanis poolippi (‘polypoid’) yeroo baay’e hin sochoonee fi meedussaa (‘medusoid’) bilisaan socho’u dha.
  • Seelota narvii qabu.
  • Walhormata seellessa fi alsaallessan wal horu.
    III.Murna Pilaatihelmentii (Raammoo Battee)
  • Irraa jalaan boca battee qau
  • Naayideeriyaa caalaa jijjirama dagaaginaa (‘Progressive evolution’) afur agarsiisaniiru. Isaanis:
    A. Dagaagina baqqaana sadi’ii ( triploblastic)
    B. Dagaagina simeetirii baayilaateraalii (simeetirii cin-lamee)
    C. Dagaagina sadarkaa sirna qaamaa fi
    D. Dagaagina gar- mataa (‘cephalization’) fi qindoomina nervoota dhaamsa geessituu fi deebistuu ti.
  • Ammaan miiliimeetira tokko irraa amma naannoo meetira 10 ga’u
  • Sirni geejiba dhangala’oo yookaan kan dhiigaa hin jiru; dalagaan kun caasaa battee fi haphii diffushiniif mijataa ta’e qabaachuun haguugama
  • Sochii si’aa’aa ta’e agarsiisu
  • Murni kun gitoota maxxantootaa sadii fi kan bilisaan jiraatu tokko qaba. Maxxantooti jijjiirama bocaa (‘anatomy’) adeemsa dalagaa qaamaa (‘physiology’) fi amalaa (‘behavioure’) waan agarsiisaniif amaloota waliigalaa murna kanaa tokko tokko madaqiinsa haala jireenyaaf jecha jijjiirrataniiru (dhabaniiru).
  • Sanyiiwwan jiraattotaa 15,000 ol qabu
  • Afaan qabu, garuu qaawwaa xuraawaa ittiin dhabamsiisan adda ta’e (‘anus’) hin qaban
  • Qaama lallaafaa qabaachuudhaan beekamu.

Miseensotni maxxantoota ta’an (Fkn: raammoo heexoo) caasaa buullaa’insa soorataa hin qaban. Kun madaqiinsa maxxantummaa keessaa (‘endoparasitism’) waliin kan wal qabatee dha.
IV.Murna Neemaatoodaa (Raammoo Ulee)
Amaloota Waliigalaa
Sanyiiwwan beekaman gara 16,000 of keessaa qabatanii amaloota armaan gadiin beekamu.

  • Boca ulee fiixeen qara fakkaatu qabu.
  • Selom-sobee fi baqqaan-sadee dha.
  • Miseensotni baay’een bilisaan yammuu jiraatan sanyiiwwan bay’inaan gara walakkaatti dhihaatan maxxantoota bineeldotaa fi biqilootaa ti.Keessummeessitootni isaanii:
    • Nama, Bineeldota manaa fi bosonaa, Biqiloota faayidaa dinagdee qabanii fi kkf
  • Sababa amala maxxantummaa isaanii kanaaf xiyyeeffannoo adda ta’e qabu.
  • Saalaan kormaa fi dhalaa dha. Kormaa fi dhalaan bocaan adda addaa (‘Sexual dimorphism’). Ammaana dhiirri dhalaan gadi.
  • Qaamni alaa kuutiikilii lubbuu hin qabneen aguugamee jira.
  • Maashaa geengoo (‘circular muscle’) hin qaban .Maashaa irraa gadee diriire (‘longitudinal muscle’) qofa waan qabaniif qabanii haaluma kanaa qofaan kottoonfatu.
  • Qaawwaan qaamaa dhangala’oon guutamee utubbii dhiibbaa bishaanii (‘hydrostatic pressure’) uumuun qaama utuba.
  • Sirni bullaa’insa soorataa guutuu dha.

V.Murna Analiidaa (‘Annelida’)
Amaloota Waliigalaa Analiidaa
Sanyiiwwan 9,000 ol ta’an kan qabu ta’ee amaloota waliigalaa armaan gadiin ibsamu.

  • Sararaa qaamaa walfakkaatan maata fi mun’ee (‘anus’) gidduutti argaman qabu. Sararan qaamaa (‘segmentation’ ykn ‘metamerism’) faayidaalee madaqiinsaa baay’ee waan qabaniif jireenya analiidaa mijataa gochuu keessatti ga’ee taphataniiru. Kanneen keessaa ijoon:
     Waan walfakkaataniif yoo tokko hubame kanneen hafan orgaanizimicha jiraachisuu fi qaamota badan deebisanii dagaagsuun (‘regenerate’ gochuun) fayyadu.
     Sochiif fayyadu.
     Maashaa waan qabaniif biyyee uranii seenuuf gargaaru.
  • Settaa ykn cheettaa (‘seta’ ykn ‘Chaeta’) maashaa qabu fi jabaa ta’e of irraa qabu. Kun yeroo biyyee uran utubuun isaan jabeessa.
  • Sirna marsaa dhiigaa cufaa ta’e qabaachuun adda ta’u.
  • Somba hin qaban. Hargansuun diffuushinii qaama jiidhaa irraan gaggeeffama. Kanaaf qaamni gogee jennaan nidu’u.Kanneen giilii (‘gill’) salphaa qaban ni jiru.
  • Xuriin muraasni karaa qaama waliigalaan haa dhabamsiifamu malee, usaansi nefiriidaan raawwata. Analiidaa baay’een nefiriidaa lama kanneen qofa qofaan ujummoon isaanii gara alaatti ba’u qabu. Ujummoolee keessatti ashaboo, bishaan, amiinoo asiidii fi kkf xuuxamanii fincaan dhabamsiifama. Analiidaa baay’ee keessatti ujummooleen goonaadotaa fi kan nefiridaa walitti makamu (‘merged ta’u’). Kanaaf gaameetotis achumaan darbu jechaa dha.
  • Sirna nervii dagaagaa fi kan sammuu qabu dha.
  • Akka waliigalaatti qaamota miiraa dagaage kan qabaatan ta’ee, kanneen biyyee keessa jiraatan keessatti dhabamaa (hir’achaa) adeemeera. Qaamotni miiraa:
    • Miira fuutuu ifaa: seelota ifaaf miirawoo (‘photoreceptor cells’) irraa eegalee amma ija dagaageetti miseensota adda addaa keessa jira.
    • Sirbidduu harkisa lafaa: tokko tokko keessumaa kanneen baay’ee socho’an veeziikilii ‘statocyst’ jedhaman qabu.
    • Mira qaamaa tuqaatii (‘bristle’ fi ‘seta’)
  • Sirna bullaa’insa soorataa guutuu qabu.
  • Walhormaatni irra caalaan saallessaa dha. Misoomni ala yookaan keessa ta’uu danda’a. Walhormaata kana keessatti luuxii (‘hermaphrodite’) fi kanneen saalaan adda addaa ni jiru. Miseensotni tokko tokko keessa qoonaadii dhaabbataan waan hin jirreef wayita walhormaataa qofa dhiita’anii bahu. Fkn: Pooliikeetota
    Walhormaatni saallessa kichaa’uudhaan raawwachuu danda’a.
    VI.Murna Molaskaa (‘Phylum Mollusca’)
    Amaloota Waliigalaa Molaskaa
  • Miila lallaafaa maashawaa ta’e kan miseensota tokko tokko (‘cephalopods’) keessatti gara teentaakiliitti jijjiirame, ‘gastropod’ keessatti immoo foqoquun socho’uuf fayyadau qabu
    Caasaa qaamaa ‘mantle’ jedhamu kan yeroo baay’ee dacha ta’e qabu. Maantiliin:
     Qola ‘calcium carbonate’ qabu kan gara alaatti argamu tolcha.
     Giilii ykn somba aguuga.
  • Qabiyyeen kessaa bal’aan (‘visceral mass’) qaamota bullaa’insa soorataa, usaansaa fi marsaa dhiigaa fi walhormaataa hammta.
  • Qaama soorataa arraba fakkaatu raadullaa jedhamu qabu. Raadullaan ilkaan magaazii fakkaatan of irraa qaba.
  • Giilii hargansuu adda ta’e teeniidiyem (‘ctenidium’) jedhamu qabu.
  • Soorata, qoricha fi keessummeessituu 2ffaa maxxantoota akka filuukii dhiigaa waan ta’aniif xiyyeeffannaa dinagdee guddaa qabu.
  • Sirna narvii walxaxaa qabu
    Qamotni miiraa molaskaa:
  • Teentakiloota
  • Istaatosistii
  • Osfiraadiyaa (‘chemoreceptor’) hammata. Faayidaan kanneenii maal faa dha?
  • Usaansi meetaanefiriidaa “kale” jedhamee waamamuun gaggeeffama. Bishaan darbaa fi xurii dhangala’oo selomii keessaa calalu malee, dhiiga keessaa waan hin ta’iniif akka kalee vertebireetotaa miti. Dhangala’oo kanneen (xurii fi bishaan) ona maantiliitti (‘mantle cavity’) dabarsanii achumaan dhabamsiifama. Caasaan kun gaametotas ona maantiliitti dabarsa.
  • Hargansuun mantilii irraa fi tuqaalee hargansuun raawwata. Giiliin ona maantilii keessaa filaamentii kan qaba. Kanaafuu waljijjiirraa qilleensaa gaggeessa. Halluun hargansuu (‘respiratory pigment’) heemoosiyaaniiniin (‘Hemocyanin’) jedhamu yeroo O2 baatu cuqul-magariisa. Oksiijiinii geejibuu irratti heemoogiloobiiniitu irra caala. Selomiin naannoo onneetti murtaa’ee jira.
  • Sirni marsaa dhiigaa irra caalaa banaa, murasa keessatti immoo cufaa dha
    VII.Murna Artirooppoodaa
    Amaloota Waliigalaa
  • Sirna qaamotaa baay’ee dagaagan qabu.
  • Sararaa qaamaa qabaachuun (‘metamerim) analiidaan walfakkaatu.
  • Mootummaa bineeldotaa keessaa koochoon kaachuu ilaalchisee allaattiiwwanii fi simbira alkanii qofatu isaan fakkaata.
  • Selomiin baay’ee xiqqaateera. Taateen kun utubbiin qaamaa dhiibbaa dhangala’oo (‘hydrostatic pressure’) irraa gara lafee alaatti (‘exoskeleton’) jijjiiramuu wajjin walqabata.
  • Naannoo gogiinsa qabu keessa jiraachuu irratti vertebireetota, reppitaayilii, allaattiiwwani fi hoosiftoota qofatu ittiin morkata.
  • Lafa koloneeffachuun hunda caala milkaa’oo dha.
  • Lafee alaa chiitiinawaa (‘Chitinous exoskeleton’) fi harcaafannaan lafee alaa (‘ecdysis’) ykn muuxannaa agarsiisu.
  • Miila buusaa qabuu fi cimdaawaa ta’an qabu.
  • Sirni narvii sadarkaa sammutti kan dagaagee fi narvoota dhaamsa deebistuu fi geessituun qaamota kan qindeessuu dha.
  • Qaamotni miiraa (‘exoreceptors’) kan:
    • Ifaa (‘compound eyes’)
    • Dhamdhammii fi foolii (‘chemoreceptors’)
    • Madaalaa
    • Tuqaatii fi oolaannaa of keessatti hammata.
    • Dhiibbaa fuutuun dhaamsaa (‘sirbiduu’) keessaas jiru.
    Usaansi ujummoo ‘malpighian’ jedhamu kan dhuma ujummoo bullaa’insa soorataatti makamuun raawwata.
    VIII.Murna Ikinoodermaataa (‘Phylum Echinodermata’)
    Amaloota Waliigalaa Ikkinoodermaataa
  • Lafee keessaa (‘endoskeleton’) kaalshiyem kaarbooneetii irraa tolfame (‘Ossicle’) jedhamu qabu.
  • Tishuuwwan qabsiistuu (‘Connective tissu’) fi gogaa isaanii baay’ee jajjaboo yookaan baay’ee lallaafoo akka ta’anitti jijijjiiruu danda’u.
  • Ga’eessotni hedduun simeetirii tamsa’aa yeroo baay’ee kallattii shanii yookaan baay’isa shanii ta’an qabu. Kanaaf ‘pentameroussymmetry’ yookaan simeetirii gar-shanee qabu.
  • Dagaaginni gar-mataa (‘cephalization’) hin jiru. Kanaaf caasaan qaamaa gar-duraa fi boodaatti utuu hin taane irraa fi jala yookaan gara afaan qabu (‘Oral’) fi afaan hin qabneetti (‘aboral’) qindaa’ee jira.
  • Simeetirii tamsa’aan madaqiinsa sochi-maleeyyummaa (‘sedentary life style’) waan ta’eef sochiin qaamaa baay’ee harkifataa dha. Murasni simeetirii cin-lamee deebi’anii argataniiru.
  • Hundi Sirna Qaawwaa Bishaanii (SQB) yookaan (‘Water Vascular System’) qaawwaa qaamaa (‘coelomic cavily’) irraa dagaage qabu. SQB ikkinoodermiif amala addaati.
    IX.Murna koordaataa
    Jechi kordaataa jedhu jecha notookoordii jedhu irraa dhufe. Notookordiin caasaa dadacha’uu danda’uu fi kan morgaa irraa hojjetamedha. Dabalataanis. karaa duuba (dorsal) bineeldotaa kan gad bu’u fi qaama bineeldotaa utubudha.
    Bineeldonni murna kordaataa jalatti ramadaman hundi amaloota armaan gadii waliin qabu.
     Marsaa jireenya isaanii kessatti sadarkaa ta’e tokko irratti notookoordii ni qabu
     Narvi koordii qaawwa ta’e ni qabu. Kun notookoordii olitti argama
     Sadarkaa dagaagina isaanii jalqabaa irratti giili siltii qabu, kun booda irratti garuu gara
    sombaa fi giilii tti jijjiirama.
    Vertebiratoota
    Vertebiratoonni lafee wiirtuu dugdaa qabu. Dabalataanis amaloota armaan gadii qabu.
     Iskeleetanii keessoo (endoskeleton) kan lafee ykn morgaa irraa hojjetame qabu
     Sirna marsaa dhiigaa cufaa fi ujummoo dhiigaa qabu.
     Sirna narvii dagaage qabu
     Liimbii (extremes) cimdii lama qabu
     Qaama usaansaa kale qabu
    Murni kordaataa, gita (class) shan qaba. Isa anis:
     Gita Qurxummiilee
     Gita Amfiibiyaanotaa
     Gita repitaayilootaa
     Gita Allaattiwanii
     Gita Hoosiftootaa

A.Gita qurxummiilee lafee qabeeyyii
Qurxummiileen addunyaa kanarratti argaman heddu minaan gita kana jalatti argamu.
Amaloota qurxummiilee
Iskeleetanii baay’inaan lafee irraa uumame qabu
 Onnee kutaa lama qabu qabaatu.
 Irra caalaan qumxummiilee lafree qabeeyyi fertilaayizeeshimnii qaamaan alaa raawwatu.
 Muraasa keessatti garuu ilmootu dhalata
 Koochoo eegee walqixa ta’e qabu
 Gogaa xannacha dhangala’oo mucuceessu burqisiisan fi iskeelii gaanooyidii, saayikilooyidii fi teenooyidii jedhaman qabu.
 Afaan isanii fiixee motaa gara fuulduraatti argama.
 Qaama hargansuu, giilii qabu.
 Atuuttee qilleensaan guutamu qabu.kanaafis, bishaan keessa haala salphaan adeemuu danda’u.
 Tempireechariin qaama isaanii dhaabbataa miti.

Fakkii :5:2 Anaatoomii Qurxummii Waliigalaa
B.Gita Amfibiyaanootaa
Amfibiyaa jechuun hiika lubbuu cimdii jedhuudha. Kunis jireenya iddoo lama bishaaniifi ardii lafa irratti jechuuf kanaafuu amfibiyaanootni varteebiroota bishaan keessaa fi lafa irra jiraachuu danda’ani dha
Amaloota Amfibiyaanootaa
 Amfibiyaanotni verteebiroota yeroo jalqabaaf bishaan keessa gara lafatti godaananii jiraataniidha.
 Amfibiyootn gogaa jiidhaa haqphii ta’e qabu.Gogaan jiidhina qabu kun fudhannaa qileensa keessatti faayidaa hedduu kenna.
 Gogaan amfibiyaanootaa iskeelii hin qabu.
 Ga’eessotni isaanii lafa irra jiraatu, yeroo kana qilleensa fudhachuuf immoo somba gargaaramu.
 Hanqaaquun wal-horu, fartilaayzeeshiiniin qaamaan alaa dha.
 Wal-hormaataaf ga’eessotni isaanii bishaanitti deebi’u.
 Qaamni isaanii ho’a murtaa’aa hin qabu.

C.Gita Reppitaaliyootaa
Amaloota dimshaashaa reppitaayilootaa:
 Ekitotermoota (ho’ii qaama keessaa isaanii kan murta’uu ho’aa qileensa naannoo isaaniitiinii).
 Jireenya isaanii hund keessatti kan sombaan harganaanidha.
 Jiraatota lafa kanaa kan dhugaa jedhamudhaan beekamu.
 Gogaa googe fi iskeelii qabu qaba.gogaan isaanii xannachoota muraasa qofa of irraa qaba.
 Iskeeliin gogaa isaanii akka bishaan qaama isaanii keessa hin bane waan ittisuuf reppitaayilotni akka amfibiyaanoota iddoo jidhiina qabuu hin barbaadan.
 Buqqeen mataa isaanii lafeewwan dugdaa waliin iddo tokko qofatti wal qunname kun immoo akka mataan sirritti gara kallatti adda addaatiin sochoo’u gargaara.Amfibiyaanoota keessatti kun cimdiidha.
 Baay’een isaanii luka fi harka qabu,quba isaanii iaarrs qeensa qabu.
 Lafeen cinaacha isaanii lafee andaraafaa (sternum) waliin ni qunnama.kun immoo meeshaalee naannawa saniin fayyadamudhaan qilleensa gara sombaatti galchuuf somba keessaa baasuuf gargaarsa guddaa gumaacha.
 Sammunii fi qaamni miiraa kan amfibiyaanoota irraa foyya’aadha. Keessattu dandeetti arguu fi dhaga’utiin sadarkaa guddaa irra gahaniiru.
 Onneen kutaawwan sadii qaban qabu. Afur ta’uuf kan xinnoo isaan hafe fakkaata. Haata’u malee dhiigni qulquluuf xuraawaan baay’ee wal hin maku.
 Isaan keessaa muraasni garuu onnee isaanii kutaa afur qabu- Fkn: naacha.
 Kiloo’aktaa qabu.
 Qaama gaametoota gara qaama wal-hirmaata dhalaa gesso (copulatory organ) ykn dabarsunis ni jira.
 Hanqaaquu uuwisa gogaa fakkaatu kan kaalishiyaam kaarbooneetii irraa tolfame qabu.
 Micireen soorata kuufametti fayyadamuudhaan aminiyanii keessatti guddata, jiisaan hin jiru.
Fakeenya: – Boofa, lootuu, jawwee, Gaararraa, Naacha, qoocaa, Aligeetarii fi kkf. Fakkeenya olitti kennaman keessaa mee lootu akka bakka bu’aa reppitaayilootattio fudhannee amala isaanii haa ilaallu.
D.Gita Allaattotaa
Amaloota waliigalaa allaattotaa
• Qaamni duraa fi duubatti kan luffatu/spindle shaped/ yoo ta’u kutaalee afuritti hirama. Isaanis mataa, morma, tiraankii fi eegee dha.
• Gogaa haphii baalleen uwwifame qabu. Baallee qabaachuun amaala addaa allaattotaati. Gogaan xannachoota dafqaa hin qabu. Eegee jalaa xannacha zeeyta burqisiisu kan piriin/preen/ jedhamu qabu. Zeeytiin xannacha kanaan burqisiifamu baallee dibuuf fayyada. Gurra alaa baay’ee xiqqaa ta’e qabu. Miila irraa gogaa iskeelii jedhamu qabu.
E. Gita Hoosiftootaa
Amaloota waliigalaa gita hoosiftootaa
• Gogaa rifeensaan uwwifame qabu.
• Gogaan xannachoota dafqa, foolii /scent/, annanii, fi zeeyta burqisiisan qaba.
• Ilmoo aannaniin guddisu.
• Ilkaan marsaa lamaa qabu. Isaanis ilkaan annanii fi ilkaan dhaabbataa dha. Hedduun isaanii ilkaan caasaa fi dalagaa garagaraa qaban kanneeen akka ilkaan duraa, qarriffaa fi a’oo qabu.
• Maashaa diyaafiraamii qomaa fi garaa addaan baasu qabu. Diyaafiramiin qilleensa gara sombaa akka seenuu fi somba keessaa akka bahuuf gargaara.
• Sombaan harganu.
• Homootarmoota. Kana jechuun teempireecharri qaama isaanii dhaabbataa dha.
• Sirna narvii, usaansaa fi hargansuu haalaan dagaage qabu. Sammuun haalaan kan dagaage. Serebiramii guddaa fi walxaxaa ta’e qabu. Bineeldota hunda caalaa yaadu danda’u.
• Saalli kan addaan bahe, hedduun isaanii ilmee dhalu (viiviiparasoota), muraasni garuu hanqaaquu buusu (oviiparasoota). Fartilaayizeeshiiniin kan qaama keessaati.
• Onneen isaanii kutaalee afur qabdi. Kanaafuu dhiigni xuraawaa fi qulqulluun walitti hinmakamu.
• A’oo gubbaa fi jalaa socho’uu danda’u qabu.
• Gurra alaa /pinna/ fi nyaara socho’u qabu. Gurri gidduu lafee xixiqqoo sadi kan “ossicles” jedhaman qaba.
• Sirna bullaa’insa soorataa fooyya’aa ta’e qabu.
• Aminiyootaa dha.
• Taphini amala hoosiftootaati.
• Walgeeddariinsa sadarkaa cimaa irra kan ga’e kunuunsa cimaa ilmeewwaniif godhu.
• Amfiibiyaanotaa fi riptaayiloota irra caalaa sochii cimaa ta’e agarsiisu.
• Hedduun isaanii karaa hobbaatiitiin ilmee isaanii soorachiisu.

Boqonnaa 6:
6.Baayoloojii Namaa
Kaayyoo Boqonnaa
Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda kadhimamatootni barsiisotaa:
 Malummaa lafee addeessu
 Amala addaa seelota maashaa tarreessu
 Kutaalee niyuroonii adda baasu
 Qaamota miiraa ijoo tarreessu
 Faayidaa bullaa’insa soorataa himu
 Maqaa caasaalee hargansuu himu
 Maalummaa usaansaa himu
 Maalummaa hormoonotaa ibsu
 Maqaa ujummoolee caasaa wal hormaataa dhiiraa keessatti argamanii tarreessu

Seensa
Galteewwan adeemsa lubbuu keessaa inni ijoon sooratadha. Seelonni qaamaa lubbuudhaan jiraachuuf nyaataa fi qilleensatu isaan barbaachisa. Sooratni ijaarsa qaamaaf, tishuulee dhabaman deebisee bakka buusuuf, akka madda anniisaatti tajaajiluuf, dhukkuba hanqina soorataa irraa dhufan ittisuu fi k.k.f. fayyada.
Seelonni haala walitti fufiinsa qabuun bishaan, oksiijinii fi nyaata argachuuf diffiyyuushinii salphaa (orgaanizimooti seel-qeenxee keessatti) yookiin sirna geejjibaa (orgaanizimoota seel-hedduu keessatti) fayyadamu. Orgaanizimoota seel-hedduu keessatti diffiyyuushinii salphaan wantoota barbaachisoo seelota hunda qaqqabsiisuu waan hin dandeenyeef sirna geejjibaa kan ta’e sirni marsaa dhiigaa isaan barbaachisa. Sirni kunis dhiiga, onnee, fi ujummoolee dhiigaa irraa kan ijaaramedha.
Haaluma kanaan boqonnaan kun (1) sirna lafee guutuu namaa, (2) sirna maashaa (3) sirna bullaa’insa soorataa (4) sirna hargansuu (5) sirna narvii (6) Qaamota miiraa (7) sirna marsaa dhiigaa (8)sirna indookiraayinii (9) sirna usaansaa (10) sirna walhormaataa irratti kan xiyyeeffatee ta’ee haala armaan gadiin dhiyaateera.
6.1 Caasaa Sirna Lafee Guutuu Namaa

Sirni lafee guutuu namaa tishuulee ijoo ta’an lafee fi morgaa of keessatti hammata. Kanneen caasaa fi dalagaan adda adda. Akka waliigalaatti lafeewwan 206 nama ga’eessa ta’e keessatti argamu. Ulfaatina qaamaa keessa 20% lafeen qabatamee jira. Boqonnaan kun tishuulee sirna lafee guutuu namaa ijaaran, lafeewwan adda addaa fi dalagaalee isaanii irratti xiyyeeffata.
Sirni lafee guutuu namaa tishuulee lafee fi morgaa irraa ijaarame. Kanneen qabiyyee ijoo haa ta’an malee, tishuuleen narvii, ippiteeliyamii, adiippoozii fi kkf milkaa’ina dalagaa sirna kanaaf barbaachisoo waan ta’aniif lafee guutuu (‘skeleton’) waliin qindoominaan argamu.
6.1.1. Gosoota lafee (‘Types of bones’)
Bocaa fi amma irratti hundaa’uun lafeen bakka afuritti qoodamuu danda’a. Isaanis:

  1. Lafeewwan dhedheeroo (‘Long bones’): Lafeewwan dheerinni isaanii bal’ina isaanii caalan ta’ee kanneen fiixee irratti bookkuu ta’anii dha. Lafee dheeraan kutaalee diyafiisisii (‘diaphysis’) fi ippiifiisisii (‘epiphyses’) jedhaman qaba. Diyaafiisisiin caasaa dheeraa fi jabaa gidduu yammuu ta’u ippiifiisisiin caasaa laafaa fiixeewwan irraa ti. Lafeen somaa miilaa kanaaf fakkeenya gaarii dha.
  2. Lafeewwan gaggabaaboo (‘Short bones’), Dheerinni fi bal’inni isaanii kanneen walfakkaatuu dha. Fkn Lafee lakkuu (‘Carpals’)
  3. Lafeewwan babattee (‘Flat bones’): Lafeewwan babal’oo fi haphii ta’anii fi ixee irratti batlee fi tokko tokko immoo gomboobaa (‘Curved’) kan ta’anii dha. Fkn: Lafee ceekuu (‘scapula’)
  4. Lafeewwan ammaa fi bocaan walmakoo (‘Irregular bones’): kanneen tuutaan qindooman ta’ee bocaa fi ammaan adda adda ta’anii dha. Fkn: Lafee vertebiree, Lafee fuulaa

Fakk.6.1 Gosoota lafeewwanii (Bocaan)
6.1.2 Gosoota Lafee Guutuu Namaa
 Sirni lafee guutuu namaa bakka gurguddoo 2 tti qoodamu.

  1. Lafee guutuu aksiyaalii
  2. Lafee guutuu appendiikulaarii
  3. Lafee guutuu aksiyaalii (‘Axial skeleton’)
     lafeewwan taa’umsa olii-gadee qaamaa irratti argamu.
     lafee sammuu
     lafee dugugguruu
     lafee cinaachaa fi
     lafee harmaa hammata
     Lafee 80/87 hammata.
    i. Lafeen guutuu sammuu = 28
     Kiraaniyamiin = 8
     Lafee fuulaa = 14
     Lafee gurraa = 6
    ii. Hayooyidii (Liqimsituu) = 1
     lafee birootti hidhamoo miti
     Morma keessan keessoo gurraa aguugun argama.
     Bocni ‘U’ fakkaata.
    iii. Lafee dugugguruu = 26/33
    iv. Lafee cinaachaa =24
    v. Lafee harmaa = 1
  4. Lafee guutuu appendiikulaarii (‘Appendicular skeleton’) lafee 126 qabata.
     Lafee harkaa = 60
     Ceekuu = 4
     Lafee lukaa =60
     Lafee mo’oo = 2 Fakk 6.2 Dhaaba lafee guutuu namaa

6.1.3 Dalagaa Sirna Lafee Guutuu Namaa

  1. Utubbii qaamaa (‘Support’): akkuma ijaarsi mana tokkoo muka ykn dhakaan utubamee dhaabbatu nafï namaa bu’uraan sirna lafee guutuutiin utubama. Boca fi dhaabbiin namaa lafeedhaan deggarama. Caasaaleen gurra alaa, funyaanii, kkf bu’uraan moorgaa dha.
  2. Ittisa (‘Protection’): tishuulee fi qaamawwan keessa nafa namaa, irra caalaa kanneen lallaafoo ta’an, lafeewwaniin golgamanii balaa irraa baraaramu. Lafeen sammuu, lafeen dugugguruu fi lafeen cinaachaa qaama irraa balaa ittisuu ilaalchisee fakkeenyawwan gaggaarii dha.
    Gaaffii:
    Lafeewwan guutuun kunniin sadan qaamawwan isaan balaa irraa ittisaan kam faa?
  3. Sochii (‘Movement’): Gargaarsa buusawwaniitiin lafeewwan qaamota baatanii socho’u. Yeroo sochii maashaawwan kottoonfachuu fi diriiruun lafeewwan sochoosu. Morgaawwan lafeewwan walitti qabsiisani akkasumas akka wal hin rigne ittisan sochii qaamaa tumsuu keessatti qooda guuddaa qabu.
  4. Kuusa albudaawwanii (‘Mineral storage’): Albudootni akka kaalshiyamii, foosfarasii fi kkf lafee keessatti kuusamu. Yeroo cunqoon albudaa akka kaalshiyamii dhiiga keessaa gadi bu’u lafee keessaa gadi lakkifamuun bakka bu’a. Yoo dhiiga keessatti heddummaate immoo lafee seenuun madaalli cunqoo albudaa dhiiga keessaa haala tasgabbaa’aa ta’een akka itti fufu ta’a.
    Gochaa
    Kitaabilee wabii sakatta’uudhaan adeemsa (‘Mechanism’) madaalli cunqoo kaalshiyamii dhiigaa haala tasgabbaa’aa ta’etti (‘homeostasis of blood calcium concentration’) ittiin eegamu ilaalchisee barreeffamaan gabaasa daree keef dhiyeessi. Gabaasa kana keessatti ga’ee xannachootnii fi hormoonotni taphatan irratti xiyyeeffadhu.
  5. Seelii dhiigaa oomishuu (‘Blood cell formation’ ykn ‘Hematopoiesis’): Dhukni lafee diimaa (‘red bone marrow’) seelota dhiigaa diimaa oomisha. Tishuun kun nama ga’eessa keessatti irra jireessa fiixeewwan lafeewwan dhedheeroo, lafeewwan babattee, lafee guutuu sammu, lafeewwan cinaachaa, armaa fi mo’aa keessatti argamu. Daa’imman keessatti dhukni lafee dimaa lafeewwan hunda keessatti argama jechuun ni danda’ama.

6.2: Caasaa fi Dalagaa Sirna Maashaa
6.2.1 Caasaa fi seelota Maashaa
 Maashaan sochii nafaaf ga’ee taphata.
 Seelotni maasha faayiberoota maashaa jedhamuun beekamu.
 qaqal’oo fi dhedheeroo dha.
 aguuggii membireenii sarkooleemaa qabu.
 Ujummoo-T sarkooleemaa irraa gara keessaatti diriiru.
 dhaamsa narvawaa sarkooleemaa bira gahe gara keessaatti dhangalaasa.

Fakk. 6.3 Seelii maashaa lafee
 Seelonni maashaa:
 nuukilasii 1 ykn 1 ol qabaachuu danda’u.
 maayitookondiriyaa hedduu qabu.
 Reetiikulamii Sarkoopilaazmaawaa qaba
• Yeroo maashaan diriiru Ca++ kottoonfannaa maashaaf barbaachisu kuusa.

 Caasaaleen akka maayoofaayibiriilii fi filaamentota qaba
 Maayoofaayibiriiliin bocaan ulee ta’ee seelii keessa diriianii argamu.
 filaamentota pirootiinaa gosa 2 of keessaa qaba.
• filaamentii qal’oo (Aktinii) fi
• filaamentii furdaa (Maayoosiinii).
 Filaamentootni qindoomuudhaan Sarkoomerii uumu.
 Sarkoomeroonni kutaalee maayoofaayibiriilii ta’ee,
 diskii-Z jedhamuun gargar qoodama

Fakkiiwwan armaan gadii lamaan sirriitti qo’achuudhaan maalummaa fi garaagarummaa zoonii H, sararaa M, baandiiwwan A fi I ibsi.

Fakk.6.4 Maayoofaayibiriilii fi qindoomina qabiyyeewwan isaa

6.2.2. Amaloota Tishuuwwan maashaa
i. Si’aa’ina elektirikaawaa (‘Electrical excitability’):
 Pootenshaalii gochaa uumuun rifachiisoowwanif kulkulfatu.
ii.Kottoonfannaa (‘Contractability’):
 Ariitiin kottoonfachuu danda’u.
iii.Diriiruu (‘Exteensibility’):
 Dheerachuu danda’u.
iv. Amala pilaastikummaa (‘Elasticity’):
 Kottoonfachuu fi diriiruun iddoo isaaniitti deebi’u
6.2.3 Gosoota tishuuwwan maashaa

1) Ramaddii morfoloojjii irratti hundaa’e :
A) Maashaawwan sarara–qabeeyyii (‘Striated muscles’):
 kirrii ta’anii adii fi gurraacha keessaa qabu.
B) Maashaalee sarara – maleeyyii (smooth muscles):
 sararaa kirrii fakkaatan hin qabni.

2) Ramaddii dalagaa irratti hundaa’e
A) Maashaa fedhii (‘Voluntary muscles’):
 Fedhiin to’atama.
B) Maashaa fedhii malee (‘involuntary muscle’):
 to’annoo ala kan raawwatuu dha.

3) Ramaddii dalagaalee fi caasaalee isaaniin gosa 3tti qoodamu.

  1. Maashaa injichaa ykn Maashaa lafee (‘skeletal muscle’):
     Fkn. Maashaalee irree
     Maashalee fedhii fi sarara qabeeyyii dha
  2. Maashaa onnee (‘Cardiac muscle’):
     Maashaa sarara–qabeeyyii fi fedhii malee ti.
     dhaaba onnee irratti argamu
     maayitookondiriyaa heddumminaan qaba
  3. Maashaa saffaa (‘Smooth muscle’):
     sarara kirriiwwanii of keessaa hin qabu.
     Dalagaan isaanii fedhii malee dha.
     Dhaaba ujummoowwan bullaa’insa soorataa, hargansuu, ujummoolee dhiigaa fi limfii, fi kkf keessatti argamu.
     Seelonni maashaa kanaa nukilasii tokko tokko qofa qabu. 6.2.4 Molekiyuulota Bu’ura Kottoonfannaa
     Molakiyulonni bu’uura kottonfannaa maashaa Pirootiinota maayoosiinii fi aktiinii jedhamu
     Isaanis qabiyyee filaamentota maayoofaayibiriilii.
     kottoonfannaan maashaa ida’ama kottoonfannaa pirootiinota kanneenii ti.
    1 Akkaataa kottoonfannaa maashaa
     Dhaamsa
     narvii motorawaa ykn dhaamsa deebistuu kottonfannaa maashaaf barbachisu
     molekiyuulota dhaamsa dabarsittuu (‘neurotransmitter’)
     Yeroo dhaamsi narvawaa fiixee niwuroonii dhaamsa deebistuu gahu
     “neurotransmitter”gidduu niyuroonii fi sarkooleemaatti gadi lakkisu.
     Diffuushiniin dhaamsi bifa elektirikaan saarkooleemaati gadi lakkifama.
     Hali kun Ca++ akka gadi lakkifamuu taasisa.
     Kun Kottoonfannaa maashaa fida.
    Gocha: Keemikaalotni (“neurotransmitter ) kottoonfannaa maashaatiif gargaaran enyufaa dha? Kitaabilee wabii dubbisuun daree keessatti dhiyeessi.
    Dalagaalee Waliigalaa Maashaa
  4. Sochii qaamaa.
  5. Dhaabbii qaamaa:
  6. Ho’a oomishuu: seelotni maashaa, ho’a guddaa oomishuudhaan madaala T0 eegu

6.3 Sirna Bullaa’insa Soorataa
.
 Adeemsi Molekiyuulotni gurguddoon daakamuun gara molekiyuulota xixiqqootti jijjiiramu bulla’insa soorataajedhama

6.3.1 Caasaalee Bullaa’insa Soorataa
• afaan, qoonqoo, oyisoofagasii, garachaa, mar’imaan qal’aa, mar’imaan furda.
 Caasaaleen garaa garaa Bullaa’insa soorataa keessatti gahee qaban kanneen akka:
• ilkaan, araba, xannachoota ancufaa, tiruu, hadhooftuu fi rajiijii dha.

                                        Fakk.6.5 Caasaalee sirna bullaa’insa soorataa

6.3.2 Bullaa’insaa fi Xuuxama Soorataa
Bullaa’insa soorata bifa lamaan gageefama.
i. Bullaa’insa soorataa fiizikaalaa
 Molekiyuulotni soorataa gurguddoon:
 Ilkaaniin caccabuun
 Garaacha keessaati dhaaba garaachaatiin sukkuumamuu.
 jijjiirama bocaa ti
Gocha: Peristaalisisii jechuun maal jechuu dha?

ii. Bullaa’insa soorataa keemikaalaa
 kaarboohayidireetii, pirootiinotaa fi lippiidotaa hayidirooliisisiitiin monomeroota isaaniitti jijjiiramu.
 enzaayimootaan saffisiifama.
 afaan, garaachaa fi mari’immaan qal’aa keessatti gaggeeffama.

Bullaa’insa kaarboohayidireetii
i) Afaan
 Afaan keessatti eegala.
 Istaarchii Taayaaliinii Maaltosii.
ii) Mar’imaan qal’aa
 Sukkaar-hedduun mar’imaan qal’aa keessatti:
 amiileesii rajiijiitiin caccabu.
 Enzaayimootni biroo mar’imaan qal’aa:
Sukiroosii Sukireesii Giluukoosii + Firuuktosii
Maltoosii Maalteesii Giluukoosii + Giluukoosii
Laaktoosii Laakteesii Gaalaaktoosii + Giluukoosii

Bullaa’insa pirootiinii
i) Garaacha
 Bullaa’insi pirootiinii garacha keessatti eegala.
 HCl qaba
 Enzaayimiin garaacha bullaa’insa pirootiinii saffisiisan
 Peepsiinii fi.
 Reniiniin dha
 Peepsiiniin- pirootiinotni peeptooniitti akka ciccitan taasisa.
 Reniiniin – pirootiinota aannanii akka furdatan taasisa.
 itti fufiinsaan akka daakamuuf tolutti mijeessa.
Pirootiinii → Peeptoonii

ii.Mar’imaan qal’aa
 Xumura bullaa’insi soorataatti
 Enzaayimootni bullaa’insa saffisiisan
 Rajiijii irraa kan maddan
 Peeptiideesii dhaaba mar’imaanii irra fi.
 tiriipsiinii fi kiimootiriipsiinii ti.

Bullaa’insa liippiidii
 Liippiidiin H2O keessatti hin bulbulamneef;
 hadhooftuun cicciramu
 enzaayimoota liippeesii dirra gahaa akka argatan taasa.
 asiidii faatii fi gilaayiseroolii bullaa’insa liippiidii irraa argamu.

Xuuxama soorataa
 Monoomerootni fi H2O dabalatee
 ujummoo dhiigaa/limfii (‘Lacteals’) seenu.
 Adeemsi kun xuuxama soorataa jedhama.
 90% mar’imaan qal’aa keessatti raawwata.
 H2O garaachaa fi mar. furdaan xuuxamu.
 Dhaabni mar’imaan qal’aa ykn Iliyamii caasaalee qaqal’oo:
 viilaayii jedhaman qaba.
 Xuuxamni soorataa diffuushinii salphaa, geejiba si’ataa fi kkf gaggeefama.

6.4 Sirna Hargansuu
Seensa
 Sooratni annisaa gahaa kan argamu O2 gubatee dha.
 Sirni hargansuu O2 gara keessatti fudhachuu fi Co2 gara alaatti baasuu dha.

6.4.1 Caasaalee Hargansuu
 funyaan, laagaa, saanduqa sagalee, ujummoo qilleensaa ykn tiraakiyaa, damee ujummoo qilleensaa ykn bironkasii fi somba.
 lafeewwan cinaachaa fi diyaafiramiin adeemsa hargansuu keessatti gahee qabu.
 Funyaan rifeensee fi Laanqessaa qaba

Fakk.6.6 Daandii qilleensaa fi somba

Adeemsa Hargansuu
 Yeroo qilleensi ol fudhatamuu fi baafamu caasaaleen hargansuu
 kottoonfachuu fi diriiruun qabeen ona qomaa akka bal’atuu fi dhiphatu taasisu.

Qilleensa ol fudhachuu
 Yeroo qilleensa ol fudhatamu:
o Sombi ni bokoka,
o Lafeen cinaachaa ol ka’uun gara alaatti dhiibama,
o Maashaan diyaafiramii ni kottoonfata.
o Qabeen ona qomaa ni dabala.
o dhiibbaan qilleensa qabee ona qomaa keessaa waan xiqqaatuuf qilleensi gara keessaa sombaatti yaa’a

Qilleensa gara alaatti baasuu
o Sombi ni shuntura,
o Lafeen cinaachaa gdi bu’a,
o Maashaan diyaafiramii ni diriira.
o Qabeen ona qomaa ni xiqqaata

  Fakk.6.7 Qilleensa ol fudhachuu fi gadi baasuu    

Dandeettii qabee sombaa (‘Lung capacity’)
 Namni ga’eessi boqonnaa irra jiru qabeen qilleensaa inni ol fudhatu ykn gadi baasu 500ml ta’a.
 Kun qabee taayidaalii (‘tidal volume’) jedhama.

Diffuushinii qilleensaa
 Waljijjiirraan qilleensaa somba keessatti afuuffee qilleensaa fi kaappilaarota gidduutti gaggeeffama.
 Dhiigni onnee irraa dhufu CO2 heddumminaan qaba
 Afuuffee qilleensaa keessaa dhiiga kaappilaarii keessa jiru O2 heddumminaan qaba.
 waljijjiirraan qilleensaa adeemsa diffushiniin raawwata.

                            Fakk.6.8  Caasaalee hargansuu keessaa                                       
  1. 5 Sirna Narvii
    Seensa
     Dalagaaleen qaama namaa sirnoota 2 qindaa’a.
     Sirna Indookiraayinii fi
     Sirna Narvii ti.
     Sirni narvii
     dhaamsa narvawaa dabarsa
     saffisaa dha.
     sirni indookiraayinii
     hormoonota maddisiisa
     saffisni isaa suuta.

 Sirna narvii
 sammuu,
 ispaayinaal koordii fi
 narvoota adda addaa of keessatti hammata.
 Ispaayinaal koordii fi sammuun
 Sirna Narvii Wiirtuu (SNW) uumu
 Narvoonni adda addaa immoo
 Sirna Narvii Moggaa Uumu.

Gosootaa fi Caasaalee Niyuroonotaa
 Seeliin narvii niyuroonii jedhama.
 rifachiisoo gara dhaamsaatti jijjiiru.
 bakka 3tti qoodamu.

  1. Niyuroonii dhaamsa geesituu (N.Dh.G) (‘Sensory ):
     Qaamaa adda addaa irraa dhaamsa gara SNW tti dabarsa.
  2. Niyurooni dhaamsa deebistuu (‘Motor neurons):
     SNW irraa gara xannachootaa fi maashaatti dabarsa.
  3. Niyuroonii gamteessituu (‘association):
     dhaamsa N.dh.,g fi deebistuu qindeessu.
     sammuu fi ispaayinaal koordii keessa tti argamu.

Caasaalee Niyuroonotaa

  1. Qaama seelii (‘cell body’):
     kutaalee isa guddaa dha
     nukilasii, saayitoopilaazmii , maayitookondiriyaa, qaama goljii fi raayiboosomi qaba
  2. Dendiraayitii (‘Dendirite’):
     damee muka xixiqqaa fakkaata
     dhaamsa qaama seelii tti dabarsu.
  3. Aksoonii (‘Axon’):
     dheeraa ulee fakkaatu
     Niyurooniin tokko aksoonii 1 qabaata.
     dhaamsa qaama seelii irraa fuudhee kallattiin dabarsa. Fakk.6.9 Caasaa waliigalaa niyurooni

Pootenshaalii Gochaa fi Daddabra Isaa
 Pootenshaalii gochaa
 jijjiirama chaarjii elektirikaalaa meembireen poteenshiyaalii narvii irratti ta’u dha
 kan eegalus yeroo seeliin nervii si’aa’uu dha.
 dhaamsa narvawaa mps narvii irra yaa’uu dha.
 Niyurooniin dhaamsa dabarsaa hin jirre haala boqonnaa (‘at rest’) keessa jira jedhama
 keessi seelii narvii chaarjii -ve yammuu qabaatu
 Alli seelii narvii chaarjii +ve qabaata.
 Pootenshiyaalii Boqonnaa Membireenii (‘Resting membiren potential)’ jedham
 Garaagarummaan chaarjii kun kan safaramu vooltii ykn miilii vooltiin.
 pooteenshaaliin membireenii g/g –70mv (keessi seelii 70mv tiin ala seeliin gadii)
 Seeliin pooteenshaalii membireenii qabu ‘Polarized’ ta’e jedhama.
 Pootenshaaliin gochaa sadarkaalee 2n ibsama.
 Yeroo chaarjiin keessa seelii gara 0 tti ol dhufuun +ve ta’u
 seeliin ‘depolarized’ ta’e jedhama.
 yeroo niwurooniin rifachiisoon kaka’uu dha.
 Atattamaan keessi seelii gara haala boqonnaatti deebi’uun –70mv irra gaha.
 deebi’ee poolaara’uu (‘Repolarizing phase’) jedhama.
 dhaamsi narvii bakka 1tti uumame bifa elektirikaan mem. niyurooniin daddarba.
 Dhaamsa daddabarsuun ayyoononni barbaachisoon Na+, K+, Ca++ fi Cl- dha.

6.6 Qaamota Miiraa Ijoo fi Miirota Fiizikaalaa
 Rifachiisoon sirbidoodhaan fuudhamee gara SNW ergama
 Sirbiddoonni qaamota miiraa keessatti argamu.

  1. Ija – Qaama Miiraa Arguu
     Wa’ee boca, halluu, sochii, kkf raga kenna.
     ifti waantoo irraa calaqqisee
     sirbidoon fuudhamee SNW n deebii argata.

Caasaa fi dalagaa ijaa
 Kubbaan ijaa baqqaanota 3 qaba.
1.Iskileeraa (‘Sclera’)
 baqqaana gara alaa dha.
 kubbaa ijaa aguugee argama
 ujummoo dhiigaa hin qabu.
 ifa of keessa dabarsa.
 Membireenii konjaktiivaan ykn moora ijaan aguugama
 Dhukkubni caasaa kanaan dhufu konjaktiiviitii jedhama.

  1. Baqqaana koorooyidii (‘Choroid coat’):
     Baqqaana gidduu ti
     meelaanoosaayitoota waan qabuuf haalluun isaa gurraacha.
     Halluun kun ifa xuuxuuf gargaara.
  2. Reetiinaa (‘Retina’):
     baaqqaana keessoo dha.
     Sirbidoowwan
     seelota ulee (‘rod cells’) fi
     seelota geengoo (‘cone cells’) badhaadhaa dha.

 Seelotni geengoo
 ifa gahaa keessatti halluuwwan adda baasuuf gargaaru.
 Seelotni ulee
 dimismisa keessa arguuf
 halluuwwan adda baasuu hin danda’an.

 Tuqaa jaaminaa kutaa reetinaa seelota ulee fi geengoo hin qabu.
 fakkiin irratti hin uumamu
 Narviin agartuu iddoo kanaa ba’a.
 Dhooqi fooviyaa immoo seelota geengoon badhaadha dha.
 Fakkaattiin iddoo lkanatti uumama

Fakkii 6.10 caasaa ijaa keessaa
Arguu
 Ifi wantoo irraa koorniyaa fi leensiin dabee gara reetiinaatti darba.
 qaawwaan agartuu dhiphachuu fi bal’achuun amma ifaa murteessa.
 Caasaa kun murteessoo ifaa jedhama.
 leensiin dheerachuu fi gabaabbachuun
 calaqqeen wantoota fagoo fi dhihoo reetiinaa irra akka bu’an taasisa.
 seelota ulee fi seelota geengoo yommuu damaqan:
 bifa dhaamsa narvawaatiin narvii argartuu SNW ergu.
 bakka wiirtuu arguutti
 hiika argatee booda fakkiin kun maal akka ta’e hubanna.
 Fakkiin kun gombifamaa yoo ta’u sammuun sirra’a

Caasaa fi Dalagaa Gurraa
 Qaama miiraa dhageettii ti.
 danbalii sagalee fuudha.
Caasaa Gurraa
 Caasaan gurraa bakka 3ti qoodama.
a) Ala gurraa:
 Morgaa gurraa,
 ujummoo ala gurraa fi
 dhibbee gurraa hammata.
b) Gidduu gurraa:
 Fuuncaa lafeewwan xixiqqoo sadii of keessa qaba.
 Lafeen gaddumaa
 Lafeen boraatii
 lafeen faanaatti
 Qilleensaan kan guutamee dha.
 ujummoo ustaachiyaanii dhiibbaan qilleensa alaa fi gidduu guraa walmadalsisa.
c) Keessoo gurraa:
 Dhangala’oon guutamaa dha.
 Caasaan maramee qaba.
 Narviin dhageetti kanarraa ka’a
 Yaa’aan martoo – madaala qaamaa eega

Fakk.6.11 Fakkii gurra namaa

Adeemsa dhageettii
 Madda sagalee morgaa gurraa dibbee gurraa lafeewwan gidduu gurraa dhangala’oo keessoo guraa maramee Narvii dhageetti SNW (Sammuu).
 Sammuun akka beeknu taasisa.

Arraba – Qaama miira dhamdhammii
 keemikaalotaaf miiramuu dha.
 Tuutni seelotaa kuskussee dhamdhammii qaba
 bifa bulbulamaan qofaa adda baasuu danda’an.
 kuskusseen dhamdhammii gosoota 4 iddoo adda addaatti argamu.
 Kuskusseen mi’aawaa – fiixee fuulduraa
 Kuskusseen kuraawaa – cina fiixee lamaanii
 Kuskusseen dhangaggaawaa – gara gidduu cinaa lamaanii fi
 Kuskusseen hadhaawaa – gara duuba arrabaatti argamu.

Fakk.6.12 Faca’iinsa kuskussee dhamdhammii

Funyaan – Qaama miiraa foolii.
 sirbidoon fooliis keemikaalaaf miiramu.
 keemikaalli narvi foolii irraan gara sammuu dhaqee deebii argata.
 Miirri dhamdhammii, ilaaluu fi foolii baay’ee kanneen walgargaaranii dha.
 Foolii fuudhuun namaa bineeldota hedduun gadi.

6.7 Sirna Marsaa Dhiigaa
 Dhiigni barbaachisoo ta’an fi Xuriiwwan geejiba
• soorata bullaa’ee, O2, hormoonotaa, Co2, yuuriyaa fi kkf geejiba
Caasaalee Srna Marsaa Dhiigaa
Onnee
 wiirtuu sirna marsaa dhiigaa ti.
 qoma keessatti gara bitaatti argama
 goloota 4 qaba

Fakk. 6.13 Onnee namaa baqaqee amma tokko keessi isaa mul’atu

 Bitaa fi mirgi onnee septamiin adda qoodamu
 Dhiigni goloota bitaa O2n badhaadhee
 gara mirgaa CO2n badhaadhee
Ujummoolee dhiiga
i) Ujummoolee dhiiga raabsituu ‘(Artery’)
 onnee irraa gara qaamota adda addatti dhiiga raabsau
 guddichi Awortaa dha
• ventirikilii bitaa irraa dhiiga O2n badhaadhee gara qamotaatti raabsa.
 Amala dhifamuu fi jabina kanneen qabanii dha.
b. ujummoolee dhiiga deebistuu (Vein’)
 Qaama adda addaa irraa dhiiga CO2n itti baay’ate gara onneetti deebisu
 huutuu of keessaa qabu.
c. kaappilaarii
 Ujummoo Dhiiga raabsituu fi deebistuu gidduutti argamu
 qaqal’oo fi haphii dha.
 O2, CO2, sooratni bullaa’e (dhiigaa tishuu) ujummoolee kanaan seenu
Gosoota Marsaa Dhiigaa

  1. Marsaa dhiigaa qeenxee fi dachaa
     Qurxummiilee somba hin qabne keessatti
     dhiigni onnee gola 2 giilii deemee 02 fudhatee gara qaamota adda addaa rabsama
     Diffushiniin CO2 onneetti deebi’a.
     Kun marsaa dhiigaa qeenxee dha.
     Nama keessatti marsan dhiigaa dacha dha.
    • dhigni sombaa fi onnee gidduu akkasumas
    • onnee fi kutaalee qaamaa adda addaa giddu waan marsuuf.
  2. Marsaa dhiigaa sombaa (‘pulmonary’) fi sirnaa (‘Systemic’)
     Marsaan dhiigaa onnee fi somba gidduutti gaggeeffamu Marsaa Dhiigaa Sombaa
     onnee fi qaamota adda addaa gidduu immoo Marsaa Dhigaa Sirnaa ti.
  3. Marsaa dhiigaa koronarii:
     Ujummoo dhiiga raabsituu koronariin
    • dhiiga 02n baadhaadhe awortaa irraa fudhee maashaalee onneef raabsa.
     Ujummoo dhiiga deebistuu koronariin immoo
    • dhiiga CO2n itti baay’ate karaa veena kaavaa oriikilii mirgaatti dabarsa.
    Adeemsa Koottoonfannaa Maashaalee Onnee
     Onneen qaama ofiin of si’eessuu (‘Self-excitable’) dha.
     tishuu tuqaa saayino’atiriyaal (‘Sinoatrial node’) jedhamu irraa eegalaa
    • Oriikilii mirgaa keessatti argamu
    • pootenshaalii gochaa uumuun akka daddarbu godha.
    • akka kakaastuu uumamaatti (‘Pacemaker) hubatama.
     Nama gaheessi tokko yeroo sochii giddu galeessaa keessa jiru
    • Onneen isaa daaqiiqaatti dhiiga gara 10L raabsa.
    • Oriikilii fi Veentiriikiliin yeroo adda addaa kottoonfatu.
     Yeroo ventiriikilootni kottoonfatan huutuwwan ni cufamu.
     yeroo Oriikiliin kottoonfatan immoo banamanii dhiigni gara Veentiriikiliitti dhangala’a.
    • ventiriikilootni 2 walfaana kottoonfatanii walfaana diriiru.
    • Oriikilootnis akkasuma.
    • Kottoonfannaan goloota onnee sistoolii jedhamu
    • diriiruun immoo diyaastoolii jedhama.

Dhiiga
 Tishuu qabsiistu dha
 dhangal’oo pilaazmaaa fi
 seelotaa dhiigaa qaba
Qabiyyee dhiigaa
 Dhangala’oo fi
 jajjaboo dha.
Pilaazmaa:
 dhangala’aa dha
 qabee dhiigaa keessaa 55% qabatu
 90% pilaazmaa H2O dha.
 pirootiinota, giluukoosii, albuda, Co2, O2fi hormoonotaa geejiba.
 Xuriiwwaa gara qaamota usaansaatti geejiba
Qabiyyee dhiigaa jajjaboo:
 Seelii Dhiiga Diimaa
 Seelii Dhiiga Adii fi pilaatileetii of keessatti hammata.

Gosoota dhiigaa
 A, B, AB fi O jedhamu.
 Gosti dhiigaa dhaala sanyiin murtaa’uu
 Antiijinii S.Dh.D rraa jiraachuu/jiraachuu dhabuu
Gosa dhigaa Antiijinii (Qaama alagaa) Seelii Dhiiga Diimaa irra qaban Farra qaama alagaa pilaazmaa dhiigaa keessaa qaban
A A Farra antiijinii B
B B Farra antiijinii A
AB A fi B Farra antiijinii hin qabu
O Antiijinii hin qabu Farra antijinii A fi B

6.8 Sirna Indookiraayinii
Seensa
 Dalagaalee qaama kanneen qindeessan
 Sirna Narvii fi
 Sirna Indookiraayinii
 Xannachoota Indookiraayinii
 ujummo-maleeyyii dha
 Hormoonota gadlakkisu
 dhiigaan geejibamanii seelota bira gahu.
 pituutarii,
 taayirooyidii,
 paaraataayirooyidii,
 adireenaalii fi piiniyaalii
 seelota hormoonopta qopheessan biroon
 hayippootaalamasii,
 tayimasii,rajiijii,
 cidhaan,
 oovaarii, kale, kkf

Fakk.6.14 Xannachoota indookiraayinii adda addaa
Xannacha pituutaarii
 jala sammuutti argamu
 hama firii ataraa ga’u.
 Kutaalee 2tti qoodama.
 pituutaarii gar-duraa ammaan 75% hammata
 pituutarii gar-boodaa dha
Hormoonota pituutariin qophaa’an
A.Hormoonii Guddinaa (‘Human Growth Hormone’):
 guddina (Lafee, Maashaa fi tishuuwwan adda addaa) to’ata.
B.Piroolaaktiinii (‘Prolactin’):
 Harmi aanaan akka qophessu taasisa.
C.Hormoonota Tirooppikii (‘Tropic hormones’):
 Xannachoota biroo kakaasuun

Hormoonii Kakaastuu Taayirooyidii (TSH):
 xannacha taayirooyidii kakaasa.
Hormoonii Adireenookoortikootirooppikii (ACTH):
 Xannacha addireenaalii kakaasu
Goonaadootiroofota (‘Gonadotrophs’):
 hormoonotni gosa 2 yammuu ta’an
 dhiira keessatti cidhaan seelii kormaa akka qophaa’uu
 Oovaarii kakaasu fooliikilootni dagaaganii hanqaaquu akka gadi lakkisan taasisu
Hormoonii Kakaastuu Fooliikilii (‘Folicle Stimulating Hormone, FSH’) fi
Hormoonii Luutinaayizingii (‘Lutenizing Hormone, LH’) jedhamanii dha.
Xannacha taayirooyidii
 morma keessatti argama.
 Hormoonota taayirooyidii 2 qopheessa.
 taayirooksiinii (T4) fi
 tiriidootaayirooniinii (T3) dha.
 Meetaabooliizimii bu’uraa qaamaa qindeessu.
 Yoo xiqqaate ucuba fida
Xannacha paaraataayirooyidii
 Lakkoofsaan 4 dha,
 duubaan xannacha taayirooyidii irraatti argamu
 Hormoonii paaraataayirooyidii ykn paaraatormoonii jedhama qopheessu.
 Hmma Ca+ dhiiga keessaa to’atu
 Madaala Mg2+ fi HPO4 2- eegu.

                                Fakk.6.15  Kallattii xannacha paaraataayirooyidii

Xannacha adireenaalii
 kalee irratti argamu
 kutaalee 2tti qoodama.
 korteksii adireenaalii fi
 meedullaa adireenaalii ti.
A.Korteeksii adireenaalii (‘Adrenal cortex’):
 caasaa gara alaatti argamuu dha.
 Hormoonotni caasaa kanaan qophaa’an
Aldosteroonii:
 Na+ fi K+ to’ata
Goonaadookoortiikooyidii:
 Dhiiraa fi dubartoota keessatti hormoonota saalaa muraasaa
 Kun dagaagina amaloota saal-2f gargaara.
B.Meedullaa Adireenaalii (‘Adrenal medulla’):
 hormoonii adireenaaliinii fi nooradireenaaliinii qopheessa.
 Haala dhiphinaa keessatti kan barbaachisanii dha.
 Kanaafuu hormoonii “loluu ykn dheessuu” jedhamuun beekamu.
Ayisletii rajiijii (‘Islets of Langerhans’)
 Xannachoota ujummo qabeeyyii fi ujummo maleeyyii dha.
 Giluukaagoonii fi
 insuuliinii dha.
 Giluukaagooniin ammi giluukoosii dhiiga akka olka’u taasisa.
 Insuuliiniin akka gadi bu’u taasisa.
Hormoonota walhormaataa
 Xannachoota saalaa keessatti qophaa’u.
 cidhaan fi oovaarii dha.
Cidhaan
 hormoonii teestoosteeroon jedhamu qopheessa
 ispeermiin akka qophaa’u fi dagaaginaa amaloota saal-lammaffoo dhiiraa to’ta.
Oovaariin
 Hoormoonii estiroojinii fi piroojestiroonii qophessa
 hormoonota kakaastuu fooliikilii fi luutinaayizingiiwajjin
 Marsaa laguu to’achuu
 Itti fufiinsa ulfaa to’achuu fi
 dagaagina amaloota saal-2ffaa dhalaa to’achuu hammata.
6.9 Sirna Usaansaa
 Meetaaboolizimiin xuriiwwaa uumamu qaama keessaa dhabamsiisuun usaansa jedhama
 Qaamonni Usaansaa:
 kalee
 Gogaa fi
 Somba
 Kaleen qaama usansaa fi osmooriguleeshinii ti.
 Namni kaleewwan lama qaba.
Caasaa kalee
 ujummoon dhiiga raabsituu kalee (‘renal artery’)
 ujummoon dhiiga deebistuu kalee (‘renal vein’) fi
 yuureeterii gara afuuffee fincaaniitti diriiree qaba
 Alli kale koorteksii,
 keessi meedullaa jedhama.
 Caasaalee bu’ura dalagaa
 nefiroonii
 kaapsiyuulii Bowumaan fi
 giloomeruulaayi fi tiyuubiyuulii kalee jedhaman qaba

                                                             Fakk.6.16 Kalee

Dalagaa Kalee
 fincaan calaluu
 Afuuffeen fincaanii yeroof kuusa
 ujummoon yuureetiraa gara alaatti dhabamsiisa
 Yuuriiyaa, ashaboolee (k+,Na+,Cl-, HCO3-) fi H2O bifa fincaaniin dhabamsiifamu
 Kaleen qabiyyee ayoonotaa fi H2O dhiigaa waan madalauuf
 Qaama usaansaa fi osmooriguleeshinii ti
 Dalagaan kalee sadarkaalee 3 raawwata

  1. Calaluu (‘filtration’),
  2. Deebisanii xuuxuu (‘Reabsorption’) fi
  3. Gadi lakkisuu (‘Secretion’).
     Dhiigni ujummoo dhiiga raabsituun (Renaal arterii) yommuu giloomeruulaayii keessa galu;
     dhiibbaa guddaa uumuun;
     H2O (90% ) fi ayoonotaa kaapsiyuulii Bowumaan seenu
     Seelotni dhiigaa fi pirootiiniin ujummoo dhiigaa itti debiyu.
     Kun calaluu jedhama
     Adeemsa geejiba paasivii fi geejiba si’ataan wantootni ujummoo kalee keessaa
     filatamanii deebi’anii gara dhiigaa seenu.
     Sadarkaan kun deebisanii xuuxuu (‘Reabsorption’) jedhama
     yuuriyaa fincaanii wajjin dhabamsifamu gadi lakkisamu jedhama.
     qabee fincaanii fi cunqummaa dhiigaa madaluu keesatti
     hormooniin aldosteroonii gahee ol’aanaa qaba.

Fakk.6.17 Fakkii adeemsa osmooriguleeshinii fi usaansaa agarsiisu

6.10 Sirna Walhormaataa
Seensa
Walhormaatni dhala namaa hirmaannaa dhiiraa fi dhalaan gaggeeffama. Haa ta’u malee, adeemsa dagaagina miciree, dhaloota daa’imaa (‘Parturation’) fi aannan harmaan sooruun uumamaan ga’ee dhalaa ta’ee argama.Sirni walhormaataa dhalaa gahee isaa kana bakkaan akka gahutti kan qindoomee dha. Caasaan walhormaataa dhiiraa uumamaan kan ijaarame sanyii kormaa qopheessee dabarsuun misooma dhugoomsuu keessatti gahee isaa akka gumaachu tti.
6.10.1 Sirna Walhormaataa Dhiiraa
Sirni walhormaataa dhiiraa qaamota akka cidhaanii, ujummoolee adda addaa, xannachootaa fi caasaalee adeemsa kanaaf deggarsa taasisan fi dalagaalee isaanii of keessatti hammata.
6.10.2 Caasaalee fi dalagaa cidhaanii
Gochaa

  1. Dalagaan waliigalaa cidhaanii maali?
  2. Cidhaan dagaagee dalagaa isaa fiixaan baasuun dura maaltu isa kakaasa?
  3. Seeliin kormaa dhiiraa eessatti qophaa’a.

Akkuma duraan ibsame cidhaan dagaagee hormoonota saalaa dhiiraa akka waliigalaatti andiroojinii jedhaman qopheessa. Haaluma walfakkaatuun cidhaan uumurrii saal – lammaffoo irraa eegalee seelii kormaa qopheessa.
Keessa cidhaanii ujummoolee dadacha’oo tiyuubiyuulii seminiiferas (‘seminiferous tubule’) jedhamantu jiru. Ispermiin as keessatti qophaa’anii gara ujummoolee dadacha’oo biroo kanneen ippiididimas jedhaman keessa kuufamu. Ujummoon biroo kan vaas deferens jedhamu ujummoolee seelota kormaa kuusan irraa ka’ee ol deebi’uun afuuffee fincaanii goodaatti yuureetiraa (ujummoo qunxurroo keessaa) quunnama.Yeroo quunnamtii saalaa seelotni ispeermii kottoonfannaa maashaalee vaas diferensiin dhiibamanii yuureetiraa seenu.

6.18 Caasaalee keessa cidhaanii fi seelii ispeermii
6.10.3 Xannachoota dhangala’oo qopheessan
Seelotni ispermii murteessoo haa ta’n malee fiixa bahiinsa dalagaa isaaniif xannachootni gargaartotaa kanneen dhangala’oo qopheessanii seelota ispermii wajjin gadi lakkisan qaama saalaa keessa jiru. Yeroo quunnamtii saalaa kan qaama dhalaa keessatti dhangala’u makaa seelota ispeermii fi dhangala’oo kanaa yammuu ta’u walumatti xaraanxara jedhamuun beekama. Xannachootni kunniin xannacha piroosteetii, xannacha bulburetiraalii (xannacha kupperii) fi veeziikilii seminalii ti. Dhangala’oon kunniin seelii ispeermiif haalota waliigalaa mijeessuun milkaa’ina misoomaaf gumaachu. Qabiyyee isaanii keessaa muraasni:
 Dhangala’oo alkaalaayinii kan naannoo keessa buqushaa himbaabsawaa taasisu
 Firuuktoosii fi soorata biroo kanneen seelii kanaaf maada annisaa ta’an
 Laanqessaa sochii seelii kanaaf mijatoo ta’an
 Enzaayimoota tokko tokkoo kkf of keessatti hammata.

Fakk.6.19 Caasaalee walhormaataa dhiiraa
Gochaa
Tokkoo tokkoon xannachgoota deggartootaa armaan olii maal maal qopheessu? Dalagaan wantoota qophaa’an kanneenii hoo?
6.10.5 Sirna Walhormaataa Dhalaa
Qaamotni sirna walhormaataa dhalaa oovaarii, ujummoo gadameessaa, gadameessaa fi buqushaa dha. Caasaaleen akka harmaa fi xannachoota aannaniis walhormaata keessatti deggarsa ol’aanaa kennu. Akka kan dhiiraa utuu hin taane yeroo ulfi hin jirreetti sirni walhormaataa dhalaa giddugaleessaan naannoo bultii 28tti marsaan jijjiirama agarsiisa. Yeroo ulfaa fi yeroo biroo gidduus jijjiirama adda addaatu bakka fudhata. Hala kana waliin walqabateen caasaan sirna walhormaataa dhalaa kan dhiiraa caalaa walxaxaa taa’ee argama.

6.10.6 Caasaalee fi dalagaalee qaamota walhormaataa dhalaa
Gochaa

  1. Fakkiiwwan armaan gadii (Fakk.12.3 fi 12.4) ilaaluun kallattii oovaarii, ujummoo oovaarii, gadameessaa fi buqushaa dalagaalee isaanii wajjin walsimsiisi.
  2. Hanqaaquun eessatti qophaa’a? Kan misoomu immoo eessatti?
  3. Dalagaan oovaarii maali?
  4. Garaagarummaan dalagaalee oovaarii fi gadameessaa maali?
    Oovaarii
    Oovaariin xannacha saalaa (‘Gonad’) dhalaa ti. Lakkofsaan lama yammuu ta’an bitaa fi mirgaan gara cina gadameessaatti argamu. Oovaariin hanqaaquu fi hormoonota akka estiroojinii fi pirojestiroonii qopheessa. Hormoonotni biroo oovaariin qophaa’an maal faa dha? Daa’imni dhalaan tokko utuu hin dhalatin iyyuu (yeroo dagaagina miciree) oovaarii isheee keessaa foliikiloota seelota hanqaaquu jalqabaa (‘primary oocyte’) kumaatama hedduun lakkaa’aman of keessaa qabdi. Kan dagaaganii ji’a ji’aan gadi lakkifaman seelota kana. Kanaaf erga sadarkaa dagaaginaa saal-lmmaffoo irra gahamee hanqaaquun ji’a ji’aan qophaa’a utuu hin taane ji’a ji’aan dagaagee gadi lakkifama (‘Ovulation’ raawwata). Fakk.6.20 Kallatti oovaarii fi gadameessa

Ujummoo gadameessaa
Ujummoon kun gadameessaarraa ka’a gara oovaariitti diriira. Dhuma ujummoo gadameessaatti caasaan “fimbiree” jedhamu oovaarii biraa gahee amma tokko aguuga.Hanqaaquun dagaagee gadi lakkifamuu ujummoo gadameessaa keessa seena. Ujummoon gadameessaa caasaa hanqaaquu gara gadameessaatti dabarsuu fi bakka misoomni keessatti gaggeeffamuu dha.

Gadameessa
Hanqaaquun misoome gadi socho’uun dhaaba gadameessaatti qabata. Gadameessi bakka micireen wantoota barbaachisu hunda haadha irraa argatee keessatti dagaagu dha. Yeroo hanqaaquun gadi lakkifamu kaappilaarotni keessa dhaaba gadameessaa dagaaganii miciree uumamuu danda’u sooruuf qophaa’u. Haa ta’u malee gadi lakkifama hanqaaquu booda misoomni yoo hin raawwatu ta’e ujummooleen dhiigaa kunniin diigamanii hanqaaquu du’e wajjin naannoo bultii 14tti karaa ujummoo da’umsaa (buqushaa) dhangala’u. Kun laguu jedhamuun beekama. Hanqaaquun itti aanu kan gadi lakkifamu laguun kun erga mul’atee naannoo bultii kudha 14 ti. Laguu (‘Menstruation’) fi gadi lakkifamni hanqaaquu (‘Ovulation’) giddu-galeessaan bultii kudha afur afuriin waljijjiiru. Laguun tokko mul’atee kan itti aanu mul’achuuf immoo giddu-galeessaa yeroo bultii 28 fudhata.Taateen kun marsaa laguu kan jedhamu yammuu ta’u to’annoo hormoonotaan raawwata.

Fakk.6.21 Sirna walhormaataa dhalaa

BOQONNAA 7
7.FAYYAA FI DHUKKUBOOTA
Kaayyoo koorsichaa
 Dhuma boqonnaa kanaatti barattoonni:
• Maalummaa madinummaa ibsu
• Gosoota madinummaa adda addaa ni tarreessu
• Dhukkubootaa fi orgaanizimoota dhukkuboota kanneen fidan ni addeessu
• Sababaoota dhukkubootaa ni tarreessu
Seensa
Akka dhaabbata fayyaa addunyaatti (WHO) fayyaa jechuun:-
• namni tokko sammuu, qaama fi hawaasummaan guutu ta’ee argamu jechuudha.
• Kan jechunis, namni tokko fayyaadha kan jedhamu:-
o qaamni isaa martinuu yoo guutuu ta’e,
o haala sirrii ta’een yaaduu yoo danda’ee,
o akkasumas hawaasa keessa jiruu keesssatti umurii fi sadarkaa hawaasummaa isaatti waan hawaasni irraa eegu yoo raawwachuu danda’eedha.
Dandeettii Dhukkuba Ittisuu Qaamaa
Madinummaa ( immunity):
• Nama ‘sir Macfarlane Burnet’ jedhamuun akka hiikametti:
• madinummaan dandeetti qaamni keenya wantoota alagaa hubachuu fi seelota fi bu’aa seelotaa sochoosuun (kakaasuun) wantoota alagaa kana ariitii guddaa fi ciminaan dhabamsiisuuf qabuu dha.
 Kanaafuu, madinummaan dandeetti dukkuba of irraa ittisuu qaama keenyaati.
Madinuummaan gosoota gurguddaa lama qaba. Isaanis:-
• Madinummaa Qophee (Active Immunity) fi
• Madinummaa Mugaa ( Passive Immunity)

  1. Madinummaa qophee (active Immunity)-
    • Gosa madinummaa qaamni keenyaa erga dhukkubaan qabamee fayyee boodaa farra qaama alagaa (FQA) oomishuun dhukkuba of irraa ittisuu dha.
    • gosa lamatti qoodamu. Isaanis:
    A. Madinummaa Qophee Nam-Tolchee (Artificial Active Immunity) –qaama alagaa (QA) xiqqoo lilmoon (talaallii) kennuun kan uumamudha. Fkn.Talaallii Pooliyoo, teetaanasii, Maariyyee …
    B. Madinummaa Qophee Uumamaa (Natural Active Immunity) – Madinummaa qaamni keenya erga dhukkubaan qabamee booda uummatu dha. Fkn. Gifira
    • Qaamni keenya farra qaama alagaa (FQA) mataa isaa erga orgaanizimoota dhukkuba fidanitti saaxila ba’e uummachuu ni danda’a.
    • seelonni nama kana FQA yeroodhaaf turu waan uummateef, yeroo lammaffaaf yoo dhukkuba kanaaf saaxilame ittiin qabamuu hin danda’u.
    • yeroo dheeraaf kan turuu fi umurii guutuu illee jiraachuu kan danda’udha.
  2. Madinummaa mugaa (passive Immunity):
    • farri qaama alagaa nama tokko irra gara nama biratti darbuu danda’a.
    • ittisa saffisa kennuu danda’a.
    • ittisa yeroo ykn torban murasaaf turuu kenna.
    • Sababiin isaas FQA adeemsa uumaman qaama keenya keessatti raawwachuun caccabuu ni danda’a.
    • kana irraa ka’uun lakkoofsi FQA gad bu’uun dandeettii ittisa isaanii ni dhabu.
    • Madinummaan Mugaa (Passive Immunity)- gosa lama qabu. Isaanis:
    A. Madinummaa mugaa uumamaa (natural passive immunity)-
    • Madinummaa mugaan uumamaan argamuu ni danda’a.
    • Fkn, FQA haadhaa, ofkaltii keessaan gara micireetti darbuu danda’a.
    • hamma madinummaan miciree guutummatti hojii eegalutti dalagaa ittisa kennaaf.
    • karaa harma haadhaas gara daa’imaatti darbuu ni danda’a.
    B. Madinummaa mugaa nam tolchee (artificial passive immunity) –
    • FQA orgaanizimii tokko irra fuudhamee orgaanizimii sanyii sanatti ykn sanyii biraatti darba.
    o FQA kun, yemmuu inni dhukkubaaf saaxilamu ittisa saffisaa kennuufii danda’a.
    o Fkn. FQA teetanasii fi difteeraa ittisuuf gargaaru farda keessatti oomishamee namaaf kennama.

Gabatee1. Garaagarummaa madiinummaa mugaa fi qophee
Madinummaa Qophee Madinummaa Mugaa
Haala Argamaa Qaama alagaa mugaa fudhachuun Farra qaama alagaa fudhachuu
Uumama Madinumma qophee uumamaa karaa harmaa fi ofkaltii kan darbu
Nam Tolchee Talaalli (qaama alagaa) kennuu Farra qaama alagaa uumamaa kennuu
Turtii Yeroo dheeraaf /hanga umrii guutuutti qaama keessa Yeroo gabaabaaf qaama keessa

Sababa dhukkubootaa
• Dhukkuba jechuun jeeqama qaama ykn orgaanizimii tokko jechuudha.
• Madda ykn sababa isaanii irratti hundaa’un dhukkuboota bakka adda addaatti qoodamu
 Dhukkuboota Daddarboo
 Dhukkuboota Miti-Daddarboo
Dhukkuboota Daddarboo
 orgaanizimii tokko irraa gara isa biratti daddarbuu dha.
 Karaaleen daddarbaa:-

• Copha dhangala’oon,
• qilleensan,
• soorataan,
• bishaanii,
• wal-qunnamtii saala fi
• kallattiin wal tuquun

• Baattoo:- Fkn, busaan (malaariyaan) baattoo bookee busaan nama irra namatti darba.
 Paatoojiinotaan dhufu
• Fkn. vaayirasii, baakteeriya, pirootozo’aa, fangaasii fi raammoolee maxxantuu
7.1. Dhukkuboota Nama
A. Dhukkuboota vaayiraasiin dhufan:-

  1. Influweenzaa-
    Vaayirasii maayoksii (vaayirasii DNA qaban) dhufa
    Karaa Dadarbaa copha dhangala’oo afaan ykn funyaan keessa gara alaatti biifamuun dadarba.
    Mallattooleen dhukkuba kanaas:

• dhaqna gubaa cimaa,
• mataa bowwoo,
• mada’uu qoonqoo,
• dhukkubbi maashaalee,

• seelota ippitaaliyaalii ujummoo qilleensa fi dame ujummoo qilleensa miidhuu.
Torban tokko keessatti fayyuu danda’a.
Talaallii, vaayirasii dhukkubichaa baay’ee dadhabaa ta’e kennuun gaggeeffama.

  1. Dhibee qorraa beekama (common cold): –
     beekamaan ‘rhino virus’ (vaayirasii RNA qabuun) kan dhufuudha
     Karaa Daddarbaa. copha dhangala’oo afaan ykn funyaan keessa gara alaatti biifamuun dadarba.
     Mallattoleen dhukkuba kanaas:-
    • funyaanii fi ujummoo qilleensaa keessa nama nyaachuu,
    • qaamolee sirna hargansuu warra gara olii miidha,
    • weerara baakteriyaa lammaffa fiduu danda’a.
     Talaallii: vaayirasii mugaa ykn fayyaa karaa maashalee lilmoon kennuu. Haa ta’u malee baay’ee amansiisa miti. Sababiin isaas ‘rhino virus” sanyii hedduun waan jiraniif
  2. Maariyyee (small pox): – ‘variola virus’ (DNA virus)n dhufa.
    • Karaa Daddarbaa Copha dhangala’oo, gogaan wal tuquu, uffata fi waliin raafuun dadarba.
    • Mallattoleen dhukkuba kanaas:
     dhagna gubaa cimaa fi hooqsiisuu,
     sirna hargansuu miidhuu,
     guyyoota lama gidduutti qaama mara waliin ga’a.
     weerara baakteeriyaa lammaffa fida.
    Talaallii: vaayirasii mugaan gogaa kutuun keessa awwaalama, vaayirasichi gutummatti waan du’uuf namichu yeroo lammaffaf hin qabamu.
  3. Goobaa Qeerroo ykn manjalloo (Mumps):- Paaramayoksiin (DNA virus RNA) dhufa
    • dhukkuba morma fi gurra jala nama dhiitessuu,.
    • Karaa Daddarbaa Goraaran wal tuquunii fi copha dhangala’oo afaan keessa biifamuun dadarba.
    • Mallattoleen dhukkuba kanaas;
     baay’inaan daa’imman huba,
     qaama gubaa,
     dhiita’uu xannacha paarataroyidii g/g guyyoota kudhaniif tura,
     qaamolee kanneen akka cidhaanii, oovarii fi rajiiji miidha.
     Dhiira keessatti maseenumma fiduu danda’a.
    • Talaallii: vaayirasii mugaan gaggeeffama.
  4. Gifira (Measles): – Vaayirasii paaramayoksii (RNA virus) dhufa,
    • Karaa Daddarbaa: Copha dhangala’oo dadarba.
    • Mallattoleen dhukkuba kanaas;

 Bayi. da’imman miidha,
 qoonqoon mada’uu,
 iji bishaan kuusa
 qufaa fi dhaqna gubaa,
 wanta adii fi xixiqqoon maddi karaa keessan ba’uu,
 guyyota lama booda wanta halluu gara diimaa qabu morma irratti mul’achuu,
 torban lama booda fayyuu danda’a.
 vaayirasichi kale fi tiruu miidhuu danda’a.

• Talaallii vaayirasii mugaan gaggeeffama.

  1. Pooliiyoo:- Vaayiraasii pooliyoo (picorna virus)n dhufa,
    • Karaa Daddarbaa. copha dhangala’oo ykn karaa bobbaan dadarba.
    • Mallattoleen dhukkuba kanaas:
     Dhaqna gubaa,
     mataa bowwuu fi mormi fi maashaleen gogosuu.
     Seelonni navii fi meeshaaleen caccabuun laasha’uu fi
     meeshaaleen hojii ala ta’uu.
     Baay’inaan daa’imman umurii 4 -12 laamsheessa.
     Haa ta’u malee ga’eessotas ni miidha.
    • Talaallii: vaayirasii mugaa kara afaanii kennuun gaggeeffama.
  2. AIDS: –Vaayirasii HIVn dhufa
    • Karaa Daddarbaa. dhiigan, wal qunnamti saala daangaa hin qabnee fi haadha irra gara mucaatti dadarba.
    • Mallattoleen dhukkuba kanaas:

o Xannachootni dhiita’uu
o Fedhiin nyaata hir’achuu
o Dhaqna gubaa
o Qufaa gogaa
o Nimooniyaa
o Garaa kaasaa

• Talaallii hin qabu. Mallattoleen dhukkuba kanaas;

  1. Heppaatisisii (Dhibee Tiruu) – DNA virus kan dhufu yoo ta’u,

Karaa Daddarbaa (KD). dhiiga fi wal qunnamtii saala dadarba.

Mallattoleen dhukkuba kanaas;

o Tiruu miidha , Jondaayizii, garaa hammeessuu fi fedhii nyaata dhabuu cimaa
B. Dhukkuboota Baakteeriyaan dhufan:

  1. Difteeraa:- Corynebacterium diphtheria (granty)
    • Karaalee daddarbaa (KD)- Copha dhanqala’oo
    • Mallattoolee: Dhaqna guba xiqqaa, Qoonqoon mada’uu
    • Talalaali- Toxoid
  2. Daranyoo sombaa (TB):- MyCophacterium tuberculosis
    • KD- Copha dhangala’oo, Aannan loon dhukkuba kanaan qabamanii dhuguu
    • Mallattoolee: Hir’ina ulfaatina qaama, dafqa, qufaa fi haaqifata dhiigan makame
    • Talaallii:- Baakteeriyaa mugaa, Antibaayotikii
  3. Cophxoo:- Niseeriyaa gonooriyee / Gonokookas gonooriyee
    • KD. Wal qunnamtii saalaa
    • Mallattoolee:
    • Mataa bowwuu fi dhangala’aa halluu keello fiincaan dursee ba’uu.
    • Xannachoota piroosteetii fi ipididdimoota miidhu
    • Kan dhalaa mallattoo hin qabu. Ujummoo fincaanii fi ulaa gadameessa miidha
    • Talaallii:- Aniti baayotikii. Fkn Peensiliinii
  4. Fanxoo :- Treponema pallidum
    • KD: Wal qunnamtii saalaa
    • Mallattoolee:
    • Jalqaba chaankireen bishaanin gutame fi miira dhukkubbi hin qabne qaamarratti mul’ata. Fkn buqushaa, qunxurroo irratti mul’ata
    • Lammaffaa dhiita’uu limfii, orjaajja’uu barruu , faanaa
    • Dhuma irratti qaamolee kan biroo miidha. Fkn kale,onnee,somba fi tiruu
    • Talaallii:- Antibaayotikii
  5. Taayifooyidii:- Salamonella typhi
    • KD- Baattoo- tafkii hantuutaa
    • Mallattoolee
    • mataa bowwuu dugdaa fi lafee harka fi miilla dhukkubu (Guyyoota 12-14 booda).
    • Gifiraa fakkaatee bobaa jala, harka fi irree irratti mula’achuu
    • Talaallii:- Baakteriyaa du’aa (mugaa), Anti baayotikii
  6. Tetaanasii: Clostridium tetani
    • KD- Sibilootni daanda’an yoo nama
    • Mallattoolee
    • Maashaaleen naannoo mormaa fi afaanii shunturuu (walitti galuu)
    • Qaama hunda irra tamsa’a
    • Namichi hir’ina O2 du’a
    • Talaallii- “Toxoid”
  7. Botalizimii: kilostiriidiyem botaliniyamii (Clostridium botulinum)
    • KD- Soorata faalama soorachuu
    • Mallattoolee:
    • Sa’a 24 gidduutti hooqisa, maashaaleen laasha’uu fi dheebuu. 50% du’a geessisa.
    • Talaallii- Farra summii
  8. Koleeraa: Vibiro cholera
    • KD. Bobbaan wal tuquu meeshaaleen soorata fi dhugaatii fi Baattoon Fkn. Titiisa
    • Mallattoo- Garaa kaasaa, Dihaayidireeshinii gaggeessuu, Albuuda ashaboo hir’isuu.
    • Garaa kaasaan kunis ‘bishaan ruuzaa’ (Rice water) jedhama
    • Talaallii- Bakteeriyaa dhu’aa (mugaa)
  9. Baakteeriyaa Albaasaa (Garaa kasaa) (Bakterial dysentery):- shigellaa dizentiriyee (Shigella dysenteriae)
    • KD- Bobbaan wal tuquu, meeshaaleen soorata fi dhugaatii yemmuu bobban faalamu fi Baattoon Fkn. Titiisa
    • Mallattoolee :- Dhukkubbii mar’immanii, garaa kaasaa makaa waan akka furrii ykn laanqessaa fi dhiiga ti
    • Talaallii- hin qabu
    C. Dhukkuboota Pirootozo’aan Dhufan
    Pirotoozo’aawwaan maxxantoota namaa ta’an hedduun yammuu jiraatan, muraasni kanneen armaan gadiiti. Hub. Dhukkubboonni pirootozo’aan dhufan bal’inaan mata duree maxxantoota pirootozowaa jedhu jalatti ilaalamu.
    Dhukkuboota pirootozo’aan dhufan muraasa.
    Sababa dhukkubootaa Dhukkuba Akkaata daddarba Mallattoolee Ittisa fi toa’annoo
    Pilaasmodiyaamii Busaa Bookee busa dhaltuu ‘ Guyyoota kudhan booda dhaqna gubaa Jiisaa bookee busaa to’achu

Entameeba histolitikaa Ameebaa albaasaa (amoebic dysentery) Soorata
Faalame Gara kaasaa dhiigan makame, dhaqna gubaa, gara hammeessuu fi balaqqamsiisuu Soorata qulqullinaan bilcheessuu fi qabachuu.
Tiitisa ittisuu
Sanyii Tiraapanoosoma Trypanosomiasis (dhibee hirriba)
Dhibee loonii ‘nagana’ jedhamu Baattoo Titiisa gammoojjii ‘tsetse fly’ Xannachootni liimfii guddachuu, ho’ina qaama dabaluu, tiruu fi sirna narvii weeraruun hirriba fi shuntuuruu maashalee fida. Foodaa titiisa kana ittisuu fayyadamu. Namoota bakka tiitsni hin jirre qubachisu.
D. Dhukkuboota namaa Fangasiin dhufan
Fangasii sanyiiwwan adda addaa yammuu jiraatan, kanneen miidhaa namarraan gahuun Dhukkuboota fangasiin dhufa muraasa
Dhukkuba Sanyii Akkaata daddarba Mallattoo Ittisa fi to’annoo
‘Athsete’s foot Tinea pedis (o’ichoo) Meeshaalee jiidha wal jijjiiruu.
Mana qaama dhiqanna jiidhina qabu Gogaan quba gidduu qunca’uu fi tarsa’uu Nama dhukkuba kanaan qabame adda baasuu
Daawwaa fudhachuu
Baarillee Tinea capititis Heddumminaan daddarba. Filaa, baarneexa waliin fi kkf kallattiin darba. Waan akka adii qaama lallafaa irratti mul’achuu Farra fangasii

Kandidiasis Candida albicans Yeroo da’umsa haadha irra gara mucaatti, Afaan, buqushaa fi mar’imman miidha

Qorsa fayyadamuu

E. Dhukkuboota namaa raammooleen dhufan
Raammooleen namatti maxxananii dhukkuba fidan kunneenis:-
• tishuulee keessumeessitootaa
• soorata bullaa’e fi dhiigan raabsamuuf qophaa’e soorachuun miidhaa guddaa nama irraan gahu.
• Fkn. Raammoo huukkoo, raammoo magaa, raammoo minnii fi kkf dha.
7.2. Dhukkuboota Dadarboo Biqiloota
Dhukkuboota Vaayirasiin Dhufan- Vaayirasoonni biqiloota akka tamboo, atara, fi kkf irratti hubaati cimaa geessisu.
Mallattooleen dhukkuboota biqiloota vaayirasiin dhufanii kanneen beekamoo ta’an:
• Biqilaan sirritti guddachuu dhabuu ykn quucaruu(quucarsuu)
• Baalli isaanii gogguu fi walitti maramuu
• Baalli isaanii darbee darbee goggoguu
• Baalli biqiloota halluu keelloo qabaachu.
Dhukkuboota Biqiloota Baakteeriyaan Dhufan- baakteeriyaan muraasa ta’an maxxantuu biqiloota ta’uu danda’u. Baakteeriyoonni kunneen warra boca ulee qabaniidha. Isanis biqiloota kanneen akka tamboo, daangulee fi dinnichaa miidha. Qaama biqiloota karaa qaawwaa, qaama mada’aa fi bakka duwwaa irraan seenu. Mallattolee isaaniis:
• Goguu biqiloota
• Waan akka dhiita’aa baala irratti uumuu
• Bifa Baala jijjiiruu
• Firii, hundee fi bakki kuusaa soorata tortoruu
7.3. Pirootozo’aawwan maxxantoota namaa ta’an
Seensa:
• Orgaanizimoota seelqeenxeedha.
• Adeemsa meetaboliizimii lubbu hundaa gaggeessu.
• Of danda’oo fi maxxantoota qoodamu.
of danda’oo warra maxxantoota ta’an caala si’aawoo dha.
• Caasaalee sochii irratti hundaa’uun gartuulee afuritti qoodamu:
Miilsoboo (pseudopoda) fkn. Ameebaa…
Rifeensee (cilia) fkn. Paaramisiyamii, Balantidium coli …
Silqixa (flagella) fkn yuuguliinaa, jaardiyaa, tiraayipaanosomaa, leshmaaniyaa…
Caasaalee sochii kan hin qabne fkn. Ispoorozowaa (pilaasmoodiyamii…)
• Wal hormaata saala fi alsaaleessan walhoru.
HUB-.Filaajileetotni sochii si’aawoo qabu, Ispoorozowaa immoo sochii baay’ee xiqqoo qabu
7.3.1. Ameebota maxxantoota ta’an
A. Entaameebaa histoolitikaa
• Dhukkuba ameebaayasisii geessisa.
• murna sarkomastigoofora jalatti murna xiqqaa sarkoodina keessatti ramadama.
• Caasaa sochii miilsoboo qabachuun beekama.

I. Morfoloojii
• Bifa laman argamu. Isanis:
dhandhalcha (cyst)- sadarkaa faalaa (infective stage) fi
Tiroofozooyitii- sadarkaa qarannoo ( diagnostic stage).
• E. histolaayitikaan- maxxantuu beekamaa mar’immaan qal’aatii.
• morfoloojii isaatiin E. despar (sanyii dhukkuba hin geessisne) irra addaan hin ba’u.
II. Marsaa jireenyaa(walhormaata)

Fakkii 7:1: Marsaa Jireenyaa Entaameebaa histoolitikaa
• Darbee darbee tiroofrozoyitiin dhaaba mar’imaan furdaa weeraruun, baay’atu
• gara sirna marsaa dhiiga seena
• Akkasumas tiruu seenun miidhaa hanga du’aa geessisuu danda’u.
III. Qorannoo laboraatorii
• Sadarkaasa tiroofozooyitii bobbaa nama dhukkubsatee keessa sakkata’uun raawwata.
 tiroofozooyitii socho’u sakatta’uu.
 Darbee darbee dhandhalchis argamuu ni danda’a.
IV. Ittisaa fi to’annoo
 Sadarkaa qulqullinaa dhuunfa fooyyeessuu
 Xuraawaa sirritti walitti qabuu fi dhabamsiisuu
 Dhiheessa bishaan qulqulluu mirkaneessuu.
 Kuduraalee fi muduraalee hin bilchaanne nyaachu irra of qusachuu.
 Naannoo soorataa irraa bararii fi titiisa ittisuu
B. Entaameebaa koolaayii
I. Morfoloojii
 Tirofozooyitii – vaakiyuulii isaanii baakteeriyaa fi raacitii of keessaa qaba.
 Dhandhalcha- boca isfeerikaalii, darbee darbe boca geengoo qabaachuu danda’a.
 Niwukilaayoota saddeet ykn kudha ja’aa qabaachuu danda’a.
 Sochiin isaa tirataa (suuta) dha.
7.3.2. Siiliyeetota maxxantoota ta’an (Parasitic ciliates)
7.3.2.1. Balaantidiyaam koolaayii (B. coli)
 Maxxantuu mar’immaaniiti
 Dhukkuba Balaantidiyaasisii fida
A. Morfoolojii
 Tiroofozooyitii
 sadarkaa qorannoo/sakatta’aa (diagnostic stage)
 Fiixeen isaa qal’aa dha.
 Niwukilaasii lama qaba
o Niwukilaasii guddaa (maakiroo niwukilasii) boca kalee qaba fi
o Niwukilaasii xiqqoo (maayikironiwukilasii) qaba.
 Rifeensee dheera irratti argamu qaba.
 vaakiyuulii kottoonfata qaba.
 Dhandhalcha
 sadarkaa faalaa (infective stage)
 Boca geengoo qaba.
 Maakiro niwukilasii fi maayikironiwukilasii addaan hin baane qaba.
 Rifeensen baqqanoota dhandhalcha keessatti tamsa’ani
B. Marsa Jireenya
 Marsaan Jireenya isaa kan E. histolitikaa wajjin wal fakkaata.
C. Akkaata daddarba.
 Wantoota bobbaa bineensota dhandhalcha qabuun faalame fayyadamuun (fkn booyyee)
 nama dhukkubsata irra gara fayyaatti darba.
II. Dhukkuba inni geessisu (pathogenesis): Mallattoolee
 dhukkubbi garaa fi garaa kaasa dhiiga of keessa qabu mul’isa.
 sadrakaa cimaan dhaaba M. furda dhiitessu fi maddeessu danda’a
 Dabalatan tiruu, somba fi qaamolee biro miidhuu danda’a
III. Qorannoo laboraatorii
 Qorannoo bobbaa:- bobbaa keessa tiroofozooyitii sakatta’uu
 SigmoyidoskoppiI
 guddina qaama isaa fi baqqaana tiroofozoyitii isaa marsee jiruun beekamuu danda’a.
IV. Ittisaa fi to’annoo
 Qulqullina dhuunfa fi naannoo eeguu
 Wantoota bobbaa bineensotaan faalame liqimsuu dhiisuu
 Yemmuu booyyee horsiisaan of-eeggannoo gochuu

a. Filaajileetotaa Maxxantoota Namaa Ta’an
• Filaajileetotaa mar’immaanii fkn. Jaardiyaa laambiliyaa
• Filaajileetotaa afaanii fkn. Tiraakomoonasii teenaksii
• Filaajileetotaa qaama wal-hormaata dhalaa fkn. Tiraakomoonasii vaginalis
• Filaajileetotaa dhiigaa fi tishuulee fkn. Tiraaypaanosoomaa fi
Leshmaaniyaa
7.3.3. Filaajileetotaa Mar’immaanii
Jaardiyaa laambiliyaa
• Fiilaajileetii mar’immaanii beekamadha.
• Dhaaba mar’immaan namaa keessa jiraata.
A. Morfolojii
i. Tiroofozooyitii (Diagonostic stage)
• Boca poomii qabu.
• Garri fuuldura isaa xuuxxoo qaba.
• Niwukilaayota lama qaba.
• Caasaa aksoostaayilii – qaama isa bakka wal qixxaa lamatti qoodu qabu
 Qaamota lama kanneen qaamota baasaalii jedhaman qabu.
 Meetaboliiziimii keessatti qooda fudhatu.
• Silqixa 8 qaba: 4 gama duuban, 2 gara fuulduraan, 2 gara dhuma qaama isaanitti
Dhandhalcha
• Boca geengoo qaba.
• Niwukilaasoota 4 qabu

Fakkii 7:2: Caasaa Jiyaardiyaa laambiriyaa
V. Marsaa Jireenyaa
Fakkii 7:3 Marsaa jireenyaa Jiyaardiyaa laambiliyaa

C. Karaalee (akkaata) daddarbaa
• Bishaan kanneen akka haroo, lageen fi kkf
• Kuduraalee fi fuduraalee dheedhii nyaachuu fi
• Wal-qunnamtii saalaa kara afaanii fi qaawwa bobbaa (munnee) raawwatamun
VI. Dhukkubbi (miidha)
 Torban 2 ykn 3 booda mallattoolee armaan gadii agarsiisa.

• Garaa kaasaa foolii xiiraa’a qabu.
• Garaa hammeessuu
• Xuuxama cooma fi Vit.B12 gufachiisuu
• Hir’ina vatiminoota cooma keessatti bulbulamanii
• Ulfaatina hir’isuu.

E. Qorannoo Laaboraatorii
 Tiroofozooyitii socho’u bobbaa lallaafaa keessatti sakatta’uu.
F. Ittisaa fi To’annoo
 Faalama bishaanii ittisuu
 Mana fincaaniitti fayyadamuu
Garaagarummaa Jaardiyaasisii fi Ameebiyaasisii
Jaardiyaasisiin ameebiyaasisii irra adda kan ta’u.
Ameebiyaasisii Jaardiyaasisii
• Bobbaan Mukasii qaba  Mukasii hin qabu.
• Bobbaan dhiiga  Dhiiga hin qabu.
• Ho’aa qaama (laayidaa) qaba  Ho’aa qaama (laayidaa) hin qabu
• Giraanuloosaayitosisii  Giraanuloosaayitosisii hin qabu.

6.3.3. Filaajileetoota afaanii
Tiraakomoonas teenaksii
A. Morfooloojii
Tiroofozoyitii
• Xiqqoo fi boca siliindarii qaba.
• Silqixa 5 qabu. 4 gara fuulduraatti yemmuu diriiru tokko immoo gara duubatti diriira.
• Niwukilasii boca geengoo qeenxee qaba.
• Membireeniin anduleetii qaama isaanii mara irra diriiree tamsa’inaan argama.
• Aksostaayiliin- dheerina qaama isaanii guutu ykn caala dheerachuu danda’a.
Dhandhalcha
• Sadarkaa dhandhalchaa hin qabu.
B. Akkaata daddarba fi Dhukkubbi inni geessisu.
• Sirritti beekama miti.
• yemmuu wal dhungachuu wantoota afaan keessaa maddaniin darbuu danda’a
• Dhukkubni kun mallattoo hin agarsiisu.
C. Ittisa fi to’annoo
• Qulqullina dhuunfa sirritti eegachuu.
7.3.4. Filaajileetotaa qaama wal-hormaata
Tiraakomoonas vaginalis
A. Morfoolojii
I. Tiroofozoyitii-
 sadarkaa faalaa (infectivesatage) fi Sadarkaa qoranoo (diagnostic stage)
 Membireenii dhoqonaa’aa (mocus Membrane) qaama saala dhalaa keessa jiraata.
o Baakteeriyaa fi seelota dhiiga adii soorata.
 Dhiira dhukkuba kanaan qabame keessatti xannacha pirosteetii fi ujummoo fincaanii keessa jiraata
 garrii fuuldura isaa geengoo, garri booda isaa immoo qal’aa dha.
 Silqixa 4 ykn 6 kara qama fuuldura isaatii maddu.
 Membireeniin Anduleetii walakkaa qaama isaa uwwisa
 Naannoo aksostaayilii isaattii giraanuloota qaba.
 Niwukilasii tokkitti qaba.
II. Dhandhalcha
• sadarkaa dhandhalchaa hin qabu

• Marsa Jireenya

Fakkii 7:4: Marsaa jireenyaa Tiraakomonas vajinaalisisii
VII. Karaalee daddarbaa – wal qunnamtii saalaatiini.
VIII. Dhukkubbii (miidha) – Dhiira keessatti darbee darbee mallattoo dhabeessa.
• Dhalaa keessatti miira gubaati, hooqsiisuu, foolii xiraa’a uumu fi dhangala’oo halluu keello qabu dhangalaasuu.
D. Qoranoo laboraatoorii
 Tirofozooyitii socho’u dhangala’oo buqushaa irraa maddu keessa sakatta’uu.
 Seeroloojii
E. Ittisa fi To’annoo
 Wal qunnamtii saala daangaa hin qabne irra of qusachuu
 Kondomitti fayyadamuu
 Qulqullina dhuufa eeggachuu.
 Antiibaayootikii fudhachuu (yoo dhukkubsatan)

7.3.5. Filaajileetota dhiiga fi Tiishuu

  1. Tiraayipanoosomaa
    Dhukkuba: Tiraayipanoosomiyaasisii
     heemofilaajileetii tishuu fi dhiigaa bineeldota lafee dugdaa qabeeyyii soorata
     Hundi isaanii marsaa jireenyaa wal xaxxaa kan keessumeessitoota bineeldota lafee dugda maleeyyii dhiigaa xuuxan of keessaa qabu gaggeessu. Gosoota lamatu jira. Isaanis:
    Tiraayipaanoosomaa afirikaa Tiraapanoosoma ameerikaa
    • Dhukkuba hirribaa / sleping sickness
    • Sanyilee:-T. biruusaayi
    o T. biruusaayi roodesiyaansee
    o “T. biruusaayi gaambiyaansee
    • Baattuu- titiisa gammoojii (Tsetse fly)
  • titiisa kormaa fi dhalaa • Dhukkuba Chaagasii
    • Sanyii :- T. kiruuzii (T. kiruuzii)
    • Baattuu- geergoo (bed bug) Tritomide bug

I. Tiraayipaanoosomaa afirikaa ( T. biruusii)
A. Morfoloojii
 Bifa lama argama
 Sadarkaa ilbiisota keessatti argamu.
i. Piroosaayiikilii-tiraayipoomastigootii- mar’immaan keessa jiraata
ii. Ippiimaastigootii– xannacha gororaa keessa jiraata
iii. Metacyclic trypomastigotes
• Sadarkaa faalaa ( infective stage) dha
 Sadarkaa hoosiftoota keessatti argamu.
 Tiraayipomaastigootii
 Sadarkaa qorannoo (diagnostic stage) ti
B. Marsaa jireenyaa
Fakkii 7:5: Marsaa jireenyaa Tiraayipaanoosomaa afirikaa ( T. biruusii)
Battuu- titiisa gammoojjii (‘Tsetse fly’) Keessumeessituu irra keessummessituuti kan dabarsu
• Keessummeessituun “T.Gambiense” sanyii titiisa: “Glossina Palpalis” fi “G. tachinodes”,
• Keessummeessituun T. rhodesiense sanyii titiisa G. morsitans, G. Pallidipes, fi G. avsteni dha.
• Keessumeesitootni kuusa (reservoir host) T. gambiense saree, re’ee, looni fi hoola
• Keessumeesitootni kuusa (reservoir host) T. rhodesiense immoo bineensota bosonaati.
C.Akkaata daddarbaa
• Titiisa gammoojii( tsest fly) hiddamuu
• Haadha ulfa irra micireetti darbee darbee ni darba.
D. Qorannoo laaboraatoorii
• Tiraayipomastigootii dhiiga fi xannochata liimfii keessa sakatta’uu
• Eddattoo dhukaa fi dhangala’oo ispaayinaalii fayyadamuu
• Baayobsii
E. Ittisaa fi to’annoo
• Talaalli hin qabu
• Titiisa gammoojjii “tsetse fly” to’achuu
• Aagobara (saaphana siree) fayyadamuu

II. Tiraayipaanosoma ameerikaa (T. Kiruuzii)
A. Morfoolojii
• Amastigootii; halleessa jeemsa (gaimsa stain) keessatti boca geengoo qaba
• Tiraayipomaastigootii- boca U/ C qaba.
• Yemmuu geergoon dhiigaa xuuxxe liqimsama.
B. Akkaata Daddabaa
• Namootni sadarkaa jireenyaa gad-aanaa qabantu caalaa miidhamu.
• Geergoon dhiiga soorachuu bobbaa qaama nama irratti gad-lakkisuu bakkii kun yeroo hooqan maxxantuun qaama seena.
• Maxxantuun seelii itti maxxane keessatti gara sadarkaa adaa addaatti guddata:
• Piromaastigootii,
• Ippimaastigoostii fi
• Tiraayipomaastgootitti ce’a.
• Geergoon kun yeroo baay’ee naannoo ija fi hidhii hidditi.
C. Dhukkubbii
• Yaa’insa linfaatikii cufuu
• Moorri ijaa fi fuulli ni dhiita’a. kunis Mallattoo ‘’Romana’s’’ jedhama.
• mallattoo laayidaa fi dadhabbii mul’isa kkf (yoo baay’ee cime)
D. Qorannoo Laboratoorii
 Tiraayipomastigootii dhiiga keessa sakkata’u.
 Baayopsii
E. Ittisaa fi to’annoo
 Baattota dhabamsiisuu

  1. Leeshimeeniyaa
    • Dhukkuba leshimeeniyaasisii
     Sanyiilee adda addaa qabu.
     morfoloojii walfakkaata qabu; garuu bakka tamsa’ina fi keessummessiituu isaaniin adda ba’uu danda’a. Fkn:
    Orgaanizimii Dhukkubaa inni geessisu
    • L. donvaanii dhukkuba Leeshimeeniyaa Veseeralii jedhamu
    • L. tiropikaa dhukkuba Leeshimeeniyaa Kutaaneesii jedhamu
    • L. biraaziliinsii dhukkuba Leeshimeeniyaa Mukokutaaneesii jedhamu
    A. Morfoloojii
    Amastigootii

• Nama keessatti argama
• Seelii keessatti tamsa’an.
• Boca oovaalii qaba
• Silqixa hin qabu

Piroomastigootii
• Dheera fi boca siliindarii qabu – titiisa keessatti argama.
C. Marsaa Jireenya
• Keessummeessitoota hoosiftootaa (fkn. nama, bineensota mana fi bineensota bosona) ti.
• Keessummeessituu ilbiisaa fkn. Titiisa (sand fly)
• Nama keessatti jarmiin kun tiruu, ispiliinii fi dhuka keessatti tamsa’ini.
• Titiisni yemmu dhiigaa soorattu jarmii kana waliin olfudhatti.
• Leeshimeeniyaan dhaaba titiisa kanaa keessatti gara piroomastigootiitti guddatee baay’ata.
• Piroomastigootin fiixee dhaaba bullaa’insa soorata irratti kuufama.
• Yemmuu ilbiisni kun nama fayyaa hidditu piroomastigootii gogaa keessan gad itti lakkisti.
D. Dhukkubbii
• Dhiita’uu tiruu fi ispiliinii
E. Qorannoo Laboraatorii
• Maxxantuu xannacha liimfii, dhuka, tiruuu fi ispilimii keessa sakkatta’u.
F. Ittisa fi To’annoo
• Baattota dhaabamsisuu
• Mana jireenyaa fooyyeessuu
• Saaphana siree fayyadamuu

Pilaasmoodiyaamii
• Casaa sochii hin qabu
• Dhukkuba busaa namatti fida
• Akka dhaabbata fayyaa addunyaatti (WHO):
 waggatti namoota miliyoona 300-500 dhukkuba kanaan qabamu
 namoonni miliyoona tokko ol kan ta’an immoo akka du’ani dha.
• Battuun: BB dhaltuu anoofilasii dha
A. Morfooloojii :
• Isporoozooyitii- sada.faalaa dha, bookee busaa keessatti argama
• Tiroofozooyitii
• Shiizoontii Sada. Qorannoo, nama keessatti argama
• Gaameetosaayitii
• meeroozooyitii

B. Marsaa Jireenya
• Marsaan jireenya sadarkaalee lama qaba.

  1. Marsaan jireenya bookee busaa keessatti gaggeeffamu
    • Sad. Ispoorogoonii – sadarkaa saleessa,
  2. Marsaan jireenya nama keessatti gaggeeffamu
    i. Sad. Shiizogoonii- Sadarkaa al saaleessa- sad. Tiruu keessatti gaggeeffamu
    ii. Erritiroosaayitii- Sadarkaa al saaleessa- sad. Dhiiga keessatti gaggeeffamu

Fakkii 7:6: Marsaa jireenyaa pilaasmoodiyamii
C. Dhukkubbii
• Mataa bowwuu, ho’a qaama, balaqamsiisuu ykn haqisiisuu kkf
D. Qorannoo laboraatoorii
E. Ittisa fi To’annoo
• Ilbiisota to’achuu
• Bakka bookeen busaa itti wal hortuu qulqulleesu
• Saaphana sirree fayyadamuu

           7.4. Raammolee Maxxantoota ta’an 

Kaayyoo Boqonnichaa
• Eerga boqonnaa kana baratanii booda barattootni:
Gosoota raammoolee garaagaraa adda ni baafatu
Faffaca’insa gosoota raammolee adda addaa ni himu
Marsaa jireenya raammolee adda addaa ni ibsuu
Karaa daddarba isaanii fi dhibee isaan fidan ni addeessuu
Haala ittiin ofirraa ittisanii fi to’atan ni ibsu

7.4.1. Raammolee battee (Flat worms)
Tirimaatoodota
Sistoodaa (raammoo minnii)
7.4.1.1 Tirimaatoodota
• filuukota jedhamanii beekamau
• murna raammoo battee (platyhelminthes) jalatti ramadamu
• Ga’eessi maxxantoota bineeldota lafe-qabeeyyiiti
• Shistosooma malee, hedduun isaanii saal- lame (hermaphroditic) dha
• Hundumtu marsaa jireenyaa wal-xaxaa ta’e qabu
• Maxxantuun namaa inni guddichi “Fasciolopsis buski” jedhamee kan beekamuu dha.
• Qaamni tiriimaatoodotaa:
• caasaa lassanamaa (smooth) ykn qoraatti fakkaatu kan qabuu fi
 Ittisaa Kiwutikilii jedhamuun aguugamee kan argamuu dha.
• Xuuxxoo (suckers) lama qabaachuun beekamu.
 fuula duraan xuuxxoo afaanii (oral sucker)- afaan marsee argamu
 gara duubatiin xuuxxoo assetaabularii ykn ventiraalii qaba
• Cidhaan lama kan gara qaawwaa hormaataa (genital pore) tti banamu qabu
• Tirimaatoodotni maxxanantoota qamota garaagaraati

  1. Maxxantuu mar’immaanii Fkn. Faashoolopsis buskii
  2. Maxxantuu tiruu Fkn. Faashoolopsis buskii , Kilooronich sineensisii
  3. Maxxatuu sombaa Fkn. Paaragoniimas westermani
  4. Maxxantoota dhiigaa Fkn. Raammolee shistoosoomaa
    7.4.1.1.1 Faashoolopsis buskii (Fasciolopsis buski)
    A. Tamsa’ina
    • Walakeessa fi kibba chaayinaa, Indiiyaa, veetenaam, malasiyaa fi Indooneeshiiyaa keessatti ballinaan tamsa’ee argama.
    • Morfolojii

• hanqaaquu
• Merasiidiyemii
• Ispooroosistiitti
• Radiyee
• Serkaariyaa
• Meetaaserkaariyaa

• Marsaa jireenyaa

Fakkii 7:10: Marsaa jireenyaa Faashoolopsis buskii (Fasciolopsis buski)

Hub: Meetaasarkaariyaan doodinamii keessummeesituu beekamaa ykn Nama keessaatti dhandhalcha keessaa ba’ee dhaaba marrummaanii weeraruun ji’aa 2-3 booda ga’eessaatti guddata. Ga’eesii hanqaaquu oomisha
D. Mallattoo
• Irri keessa garaachaa dhukkubuu (epigastric pain),
• garaa hammeessuu (nausea),
• garaa kaasaa (dearrhea),
• yoo baay’ee cime m. qallaan bishaan kuusuun dhiita’a (edema) ykn madaa’a (ascitis).
• dhaabni mar’immaanii madaa’ee akka dhiigu godha
o dhoqonaa’aa (mucosa) dhaaba mar’immaanii nyaachuun madeessa
E. Qorannoo (Diagnosis)
• Hanqaaquu isaa bobbaa keessa sakatta’uu
• Ga’eessi – yeroo tokko tokko bobbaa ykn balaqqama waliin bahuu danda’u.
F. Itiisaa fi To’annoo
• Madda weeraraa(source of infection) hir’isuu
• Hanqaaquu fi jiisaa isaanii bishaanii fi biyyee keessatti argamu ballessuu
• Biqiloota nyaataman bilcheessuun soorachuu.
• Qulqullina nyaataa fi madda bishaanii eeguu
• Ciilalluu balleessuu
• Yeroon mana yaalaa dhaquu.

7.4.1.1.2 Faasholaa heppaatikaa “Fasciola hepatica”
• Maxxantuu tiruuti- filuuksii tiruu hoolaa jedhamee beekama
• Boca baala mukaa fakkaatu qaba
• Maxxantuu tiruu hoolaa tortorsuu dha

A. Tamsa’ina (Geographic distribution)
• Adduunyaa guutuu irratti argama.
• Itiyoophiyaa- kibbaa fi kibba baha, bakka ol ka’iinsi lafaa 1500m gadi ta’etti argama
B. Moorfoloojii
• Haanqaaquun
• raammoo tiruu hoolaa jedhamee beekama
• kan “F. buski” waliin wal fakkaata.
• hammaan wal qixa
• meraasidiyeemii hin dagaagin of keessa qaba.
• Ga’eessi raammoo kanaa 2-3cm dheerata.
C. Marsaa Jireenyaa
• Kan F. buskii wajjiin walfakkaata
• Meetaaasarkaariyaan F. heppaatikaa doodenamii (duodenum) keessatti dhandhalchi irraa mulqamee (excysted), booda dhaaba marrummaanii keessa darbuun gara tiruu fi ujummoo hadhooftuutti deema.
• Nama keessatti raammoon kun ujummoo hadhooftuu isaa guddaa fi hadhooftuu keessa jiraata,
• marimmaan keessa hin jiraatu.
D. Paatoojineesisii (Dhibee isaanii, mallattoowwan dhibee fi Daddarba isaanii)
• Weerarri kan dhufu, biqiloota jiisaa meetaaserkaariyaa qabu osoo hin bilcheessin nyaachuuni
Mallattoon dhibee kanaa:

• garaa ciniinnaa,
• garaa kaasaa,
• daakaamu dhabuu sorataa
• tiruu ni miidhu.
• Ujummoo hadhooftuu keessatti miira gubiinsaa dhageessisa.
• Dhangala’aan hadhooftuu akka hin lolaane ittisa.

E. Qorannoo (Diagnosis)
• bobbaa keessa hanqaaquu isaanii sakatta’uu dha.
• Hub: Hanqaaquun Faashoolaa heppaatikaa fi faashoolaa buskii addaan waan hin baaneef seenaa kilinikaalaa ykn iyyaafachuu geggeessuun barbaachisaa ta’a.
F. Ittisaa fi To’annoo
• biqiloota naannoo bishaanii irraa dhufan osoo hin bilcheessiin nyaachuu dhiisuu
• Qulqullina soorataa fi qodaa eeguu
• Ciilalluu balleessuu
• Yeroon mana yaalaa deemuu

7.4.2. Sanyiiwwan shiistoosoomaa
• Shistoosoomiyaasisii/bilhaarziyaa fida
• Saal-lamee dha
• Maxxantoota dhiigaa ti
• Shistosoomaa maansoonii (Schistosoma manson )
• Shistosoomaa hemaatobiyamii (Schistosoma hematobium)
• Shistosoomaa jaapponikamii (Schistosoma japonicum)
A. Tamsa’ina
• S. maansoonii: Afriikaa, biyya Arabaa, Biraaziil keesatti ballinaan kan mullatuu dha.
• S. jaapponikamii- Baha fagoo (Far-east) keessatti kan murtaa’anii dha.
 Chaayinaa, Jaappan, Taayiwaan, Filiippinsi fi Indooneeshiiyaa keessatti baballatanii argamu.
• S. hemaatobiyamii- baayinaan Sulula Naayil keessatti tamsa’ee argama.
 Afriikaa kessatti heddumminaan baballattee argama.
 Eeshiyaa keessatti hamma xiqqoon gabaafamee jira.
 Itoophiya keessatti:
 S. maansoonii fi S. hemaatobiyamiin caalaatti beekamu.
 Bakka ol-ka’iinsi isaanii 200m ol ta’e keessatti babal’ata.
 “S. hemaatobiyamiin naannoo Sulua Awaash gara gadii fi Assoosaa keesstti naannoo ol ka’insa lafaa 100m gadii qaban keessatti argamu.
 S. jaapponikamiin Itoophiiyaa keessa jiraaachuun isaa hin gabaafamne.
B. Morfoloojii
• 1.5-2cm dheerina giddu galeessaa qabu.
• Dhalaan isaanii korma isaanii caalaatti guddaadha.
• Hanqaaquun boca geengoo qaba
o S.maansoonii > S. hemaatobiyamii > S. jaapponikamii
• Amalli addaa haqaquun shistoosoomaa qabu, qoraattii qabaachuu isaati.
• S.maansoonii – qoraattiin cinaa irratti argama,
• S. hemaatobiyamii – qoraattiin dhuma (qarqara) irratti
• S. jaapponikamii – xixiqqoo kan ta’ee fi qarqara (dhuma) irratti kan argamuu dha

C. Marsaa jireenyaa

Fakkii 7:12 Marsaa jireenyaa Sanyii Shistoosoomaa
D. Mallattoo
• Namni kan inni raammoo kanaan weeraramu yoo serkaariyaan gogaa qaamaa uree seenuudha.
• Karaa serkaariyaan gogaaa uree qaama seene mallattoo madaa’uutu mullata ykn ni hooksisa.
• Mallattoo biraan:
 garaa ciniinnaa,
 hir’ina ulfaatina qaamaa,
 garaa kaasaa dhiigaan makame,
 yeroo finca’aan miira dhukkubbii namatti dhageesisa.
• Rakkoon inni guddaan garuu mallattoo osoo hin agarsiisin si’a turan nama miidhuu danda’u.
• Dhibeen isaan fidan shiistoosoomiyaasiisii jedhama.
E. Qorannoo (Diagnosis)
• S.maansoonii fi S. jaapponikamii hanqaaquu bobbaa keessa sakatta’uu
• S. hemaatobiyamii hanqaaquu fincaan keessa sakatta’uu dha
F. Ittisaa fi To’annoo
Qulqullina nyaataa fi qodaa eeguu
Cilaalluu balleessuu
Qaama qullaa bishaan shaakkamuu seenuu dhiisuu
Qaamatti ‘niclosaamide’ dibachuun akka serkaariyaan gogaa keenya uree hin seenne ittisuu
Yerooon mana yaalaa deeuu
Barnoota fayyaa (health education) qabaachuu.

7.4.3. SIISTOODOTA (RAAMMOOLEE MINNII)
garee raammota dheeroo
boca kirrii teeppii kan qabanii
hedduun isaanii dhaaba bullaa’insa soorataa kan hin qaban, (sanyii muraasa irraa kan hafe).
• Hub: Dhaaba bulla’iinsa soorataa (alimentary canal) dhabuun siistoodota akka isaan tiriimaatoodota fi nemaatodota irraa adda bahan godha.
Ga’eessi siistodotaa naannoolee ujummoo qaban bidollee godhaatu
Fkn. dhaaba bulla’insa soorataa fi darbee darbee hadhooftuu fi ujummoo rajiijii
Jiisaan isaanii garuu qaama bineeldota lafe-qabeeyyii fi lafe-maleeyyii keessa jiraata
raammoon minnii hundi qaama qalloo dheeraa kan qaama hormaataa guutuu qabu
Saalaan kan bilchaataa ta’e duraa duubaan walitti aanaanii kan taa’anidha.
Sanyii muraasa dursoo (primitive) ta’an irraa kan hafe
hundi keessummeessitoota giddu galeessa tokko ykn lama barbadu, haayimenoolepis naanaa (Hymenolepis nana) isa kallattiin guddatu malee
Sanyiin tokko tokko ammoo nama akka keessuummeessa beekamaa (defined host)tti gargaarama
ga’eessi isaa marrummaan keessa jiraata,
hanqaaquun ammo bobbaa waliin bahuun dachee irratti gara jiisaatti geeddarama.
Jiisaan kun gara qaamaa erga seenee booda marrumaan keessatti gudachuun jiraata.
Sanyii tokko tokko keessatti namni akka k. bekamaatti ykn keessummeessaa g/g’tti fayyada
fkn Tiiniyaa sooliyumii (T.solium), haayimenooleeppis naanaa (H. nana).
HUB: werarri marruummanii alatti jiisadhaan ta’u werara ga’eessaan ta’u caalmaatti miidhaa geesisu.
Sadarkaalee jiisaan siistodotaa:

  1. Pileerooserkooyidii –
    • sadarkaa itti jiisaa raammoo minnii Daayfiloobotiriyam laatum itti nama weraruu dha.
  2. Pirooserkooyidii –
    • sadarkaa itti jiisaan rm Daayfiloobotiriyam laatumiin tafkii galaaanaa keessatti guddata
    • Tafkiin galaanaa (copepod)- akka KGG jalqabaatti fayyada.
    • Tafkiin galaanaa jiisaa kanaan weerarame qurxummi bishaan haaraa keessa jiraatu;
    • KGG lammaffaadhaan nyaatamu.
  3. Sistiiserkoyidii (cysticercoid) –
    • Jiisaa rm sanyii Haayiminooleppisii fi Daaypalidiyam kaniinamii kan artiroopoodaa KGG godhatee keessatti guddatuu dha.
  4. Sistiiserkasii (cysticercus) –
    • jiisaa raammoo miinii sanyii tiiniyaa kaneen sooleksii (Scolex) tokko qabaniiti.
  5. Ko-enuurasii (coenurus) – jiisaa sooleksota (scolices) hedduu qabanii dha. fkn

7.4.3.1. Sanyiiwwan Raammoo Tiiniyaa (Tiiniyaa sajinaataa &Tiiniyaa sooliyumii)
• Sanyiiwwan lamaaniifuu namni keessummeessituu beekamaa (main host) dha.
• Sirna bullaa’insa soorataa guutuu hin qaban (afaan qofa qabu)
 kanaafuu soorata bulla’e qofa dhaaba marrummanitti maxxanuun xuuxu.
• Qaamni isaanii sararaan kan qoodamanii dha
• qoodamni walitti aanuun wal- qabatanii jiran sun piroogilootiidii jedhamu.
• Waluumaa galli pirogilootiidotaa ammo istroobilaayii jedhama.
• piroogilootiidotaa kormaa fi dhalaa of-irraa qabu
• fertilaayizeeshinii booda piroogilootiidotni hanqaaquu gabbataa waliin citanii bobbaa waliin bahu
• Alatti, piroogilootiidiin zaayigootii baatu bahuun keessummeessituu haaraadhaan nyaatamuun micireen ni dagaaga.

  1. Tiiniyaa sajinaataa (Taenia saginata)
    • Rm marrummaan namaatti maxxantuu ta’uun jiraatuu dha.
    • Sirna bulla’insa soorataa guutuu hin qabu.
    Gochaa: Raammoon kun naannoo akamiitti baay’ata jettanii yaaddu? Baballachuu isaaniitiif maaltu sababa ta’a?
    A. Tamsa’ina
    • Itiyoophiyaa keessatti baay’ee beekamaa dha.
     Sababni isaas foon dheedhii akka aadaatti waan soorataniifii dha.
    • Namootni rm kana balleessuuf qorichi aadaa (muka koosootti) fayyadamu.
    • Qorichi kun garuu sooleksii (scolex) isaanii guutummaa guutuutti balleessuun qaama keessaa dhabamsiisuu hin danda’u.
    B. Morfoloojii
     Garri mataa isaanii xuuxxuu (suckers) afur kan qabu ta’ee garuu hookkoo(hooks) hin qaban

C. Marsaa jireenyaa

  1. Fakkii 7:13: Marsaa jireenyaa Tiiniyaa sajinaataa (Taenia saginata)

D. Mallattoo
• Namni raammoo kanaan falamu yeroo foon dheedhii ykn foon hamma tokko bilchaate nyaatu
• Marummaan nyaata sirriitti bulleessuu dadhabuu,
• garaa kaasaa,

• gogiinsa garaa (constipation),
• balaqqama
• fedha nyaataa dhabuu fi
• hirrina dhiigaa fa’i.
E. Qorannoo (Diagnosis)
• Pirooglootiidii citanii/ hanqaaquu bobbaa waliin bahan bobbaa keessa sakatta’u
F. Ittisaa fi To’annoo
• Foon loonii dheedhii nyaachuu dhiisuu
• Qulqullina naannoo eeguu fi bobbaa bakkee irratti bahuu dhiisuu
• Yeroon mana qorichaa deemuu fi qoricha sirritti fayyadamuu
• Qodaa foonnii irra kaa’amee osoo itti hin nyaatin dura miiccuu

  1. Tiiniyaa sooliyumii (Taenia solium)
    • Maxxantu mar’umman namaati.
    • Qaamota bullaa’ina soorataaf fayyadan afaan irraa kan hafe hin qaban (guutuu miti).
    • Luuxii (hermaphrodite) dha.
    • Hanqaaquun bilchaate piroogilootiidii waliin cituun bobbaa waliin gara alaatti dhabamsiifama.
    • Booyyeen yeroo marga sooratu hanqaaquu kana marga waliin ol-keessatti fudhata.
    • Hanqaaquun booyyee keessatti xeensamuun jiisaan keessa bahuun foon booyyee keessatti dhokata ykn awwaalama.
    A. Taamsa’ina
    • Itoophiyaa keessa jiraachuun isaa garuu hin gabaafamne.
    B. Moorfolojii
    • Ga’eessi poroogilootiidii 800-1000 qabaata.
    • Mataan isaanii xuuxxuu afur qaba.
    • Hokkoo xixiqqoo qabaachuun beekamu.
    C. Marsaa Jirenyaa
    Kan marsaa T. sajinaataa waliin wal fakkaata
    D. Paatoojineesisii
    • Foon booyyee rammoo kanaan weerarame dheedhii ykn sirriitti hin bilchaannee nyaachuun nama qabachuu danda’a.
    • Jiisaan raammoo kanaa qaama hunda keessa seenuu danda’a.
    o Keessumayyuu; cooma jaloo gogaa, sammuu, ija fi qaamolee biroo keessattillee
    E. Qorannao
    • piroogilootiidii sakata’uu
    • Mataa raammoo kana qorachuun hokkoo qabaachuufi dhiisuu isaa adda baasuun
    Itisaa fi to’annoo
    • Foon booyee sirritti hin bilchaatne ykn dheedhii nyaachuu dhiisuu
    • Bobbba bakkee irratti taa’uu dhiisuu
    • Qulqullina naannoo fi qulqullina ofii eeguu
    • Yoo qabaman yeroon mana yaalaa deemuu fi qoricha sirriitti itti fayyadamu.
    • Foon booyyee refrigereetera (cabbeessaa) keessa 10 c0 qabu kessaa guyyoota 4 fi sanaa oliif yoo tursame du’uu danda’u

7.4.3.2 Sanyiiwwan raammoo haayiminooleeppisii
• haayimenooleeppis naanaa
• haayimenooleeppis diminuutaa

  1. Haayimenooleeppis diminuutaa (H. Diminuta)
     maxxantuu marrummaanii ti
     Sirna bulla’insa soorataa guutuu hin qabu.
     nyaata bulla’e qofa xuuxuun jiraatuu dha.
     Piroogilootiidiin isaa kormaa fi dhalaa of irraa qaba.

A. Tamsa’ina
• Bakka hantuutni fi ilbisootni midhaan nyaatan heddummatanitti baay’inaan argama.
• Itiyoophiyaa keessatti jirachuun isaa hin gabaafamne.

B. Moorfoloojii
 Piroogilootiidota 800-1000 ta’an qabaachuu danda’a.
 Mataan (Iskooleksii) isaa xuuxxuu afur qaba. Hokkoo hin qaban.
 Piroogilootiidiin isaanii garri jalqabaa kan hin bilchaanne
 Piroogilootiidiin garri duubaa kan bilchaatee dha
C. Marsaa jireenyaa
 Keessummeessituu giddu galeessaa- naannoo ilbiisota 30 fi
 KGG- jiisaa ilbiisota kanaatti fayyadamuu danda’u
 Keessummeessituu beekamaa- nama

Fakkii 7:14: Marsaa jireenyaa Haayimenoleepsisii
D.mallattoo
• Namni kan weeraramu yoo nyaata keessummeessituun/ilbiisotni ykn jiisaan isaanii/ keessatti argamu akka tasaa nyaatee dha.
• Jeequmsa garaa (abdominal disturbance)
E. Qorannoo
• Haanqaaquu ykn piroogilootiidii bobbaa keessa sakatta’uu
F.Ittisaa fi To’annoo:
• Miidhaan nyaatamu ilbiisota weeraran irraa eeguu
• Hantuuta fi ilbiisota keessummeessituu ta’an dhabamsiisuu.

  1. haayimenooleeppis naanaa
    • Sirna bulla’ina soorataa guutuu hin qabani
    • Kormaa fi dhalaa piroogilootixoota irratti qabu
    • Maxxantuu marr’ummaanii ti. Ofiin of fertilaayizii godhu.
    A. Tamsa’ina
    Bakka hundaattii argmuu danda’u. Naannoo ho’insi jirutti heddumaatu.Itiyoophiyaa keessati beekamaa dha.
    B. Morfooloojii
    • Piroogilootiidii 200 qabaachuu danda’u . Mataa (sooleksiin) isaanii xuuxxuu afurii fi hokkoo qara ykn geengoo tokko qabu.
    C. Marsaa jireenyaa
    • keessumessittuu giddugaleessa hin barbaadu. Kallattiidhaan nama hanqaaquun isaa nama faala
    • Ga’eessi iliyeemii/marrummaan qallaa/ keessa jiraata. Piroogilootiidiin hammaan baay’ee xiqqaa ta’ee fi hanqaaquu boca geengoo qabu bobbaa wajjin ba’u.
    • Hanqaaquun jiisaa hokkoo ja’a qabu, onkoosfeerii, jedhamu qabaatu.
    • Hanqaaquun isaanii bataluma faalan weerara geggeessuu dand’a.Yeroo keessummessituu haaraa seenan jiisaan /onkoosfeeriin/ marrummaan xiqqaa uruun viilota keessa seenuun guyyoota afur (4) keessatti gara sistiiserkooyidiitti guddata.
    • Sistiiserkooyidiitti viilayota keessaa bahuun qaawwa marrummanitti deebi’uun dhaaba marr’umaaniitti maxxanee ga’eessatti guddata.
    • Ga’essi kun hanqaaquu mar’immaan keessatti buusa; hanqaquun kun bobbaa waliin osoo hin bahin ykn muraasni qofti bahuun kan hafan achumatti xeessamuun gara sistiiserkooyidiitti geeddaramuu fi deebi’ee faalama fiduu danda’a.

D. Mallattoo
• Faalamni kan dhufu, harkaa gara afaaniitti wantoota fudhataman waliin ykn nyaataa fi dhugaatii faalame wayita soorannu dha. Daa’imman caalmaatti miidha.
• Weerarri salphaan mallattoo dhabeessa ta’ee jeequmsa garaa keessaa namatti uuma. Weerara cimaan garuu toksemiyaa (toksaimia) fi jeequmsa dalagaa qaamaa keessaa fida.

E. Qorannoo
Hanqaaquu raammoo kanaa bobbaa keessa barbaaduudha.
F. Ittisaa fi to’annoo
• Qulqullina nyaataa fi naannoo eeguu
• nyaataa hantuutni akka hiin seennetti qadaaduu fi eeguu
• Hantuuta dhabamsiisuu

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.