Assessment in Primary School – EPSY 231

BOQONNAA-1
YAAD-RIMEEWWANII FI JECHOOTA BU’UURAA IYYAAFANNAA FI MADAALLII BARACHUU BARATTOOTAA
Seensa
Boqonnaan kun yaad-rimeewwan bu’uuraa tokko tokko koorsii kana keessatti barbaachisan hubachiisuuf kan dhiyaateedha. Jalqabarratti yaad-rimeewwan yaalii, safarrii, iyyaafannaa fi madaallii jedhaman kan ibsamudha. Itti aansuudhaan dhimmoota iyyaafannaa fi madaallii barachuu, akkasumas itti fayyadama dhimmoota iyyaafannaa barachuu mana barumsa sadarkaa tokkoffaatu dhiyaata. Boqonnaan kun seerota/piriinsippiloota barbaachisaa yeroo barachuu barattootaa iyyaafannu itti gargaaramnus kan ibsuudha. Kana malees, iyyaafannoo walitti fufaa fi akaakuuwwan iyyaafannaa walitti fufaa mata-duree jedhu kan addeessuudha.
Kaayyoo Barachuu Boqonnichaa
Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:
Yaad-rimeewwan yaalii, safarrii, iyyaafannaa fi madaallii jedhaman ni hubatu
Dhimmoota iyyaafannaa fi madaallii barachuu barattootaarratti hubannoo ni dagaagfatu
Waa’ee seerota/pirinsippiloota iyyaafannaa fi madaallii barachuu barattootaa ni beeku
Iyyaafannaa walitti fufaa fi akaakuuwwan iyyaafannaa walitti fufaa ni hubatu

  1. Yaad-rimeewwan Bu’uuraa Iyyaafannaa fi Barachuu Keessatti
    1.1. Iyyaafannaa fi Madaallii Barachuu Barattootaa Keessatti Hiika Jechoota Bu’uuraa
    Gocha 1.1.
    Jechootni bu’uuraa iyyaafannaa fi madaallii barachuu barattootaa maal fa’a akka ta’an adda baasuun ibsaa
    Jechoota bu’uuraa kana tartiiba xiqqaarraa gara guddaatti ka’uun sababeessi!

1.1.1. Yaalii (Test)
Yaaliin yaad-rimee barataan yaad-rimeewwan biroo caalaa beekuudha. Yeroo barumsa jalqabanii kaasanii raawwii barachuu isaanii mirkaneessuuf fudhachaa kan turaniidha. Yaaliin mana hojii tokkoof namoota qacaruufis ni gaggeeffama.
Kanaafuu, yaaliin haala barnootaa keessatti yammuu ilaalamu mala gaaffilee adda addaa barattootaaf dhiheessuun galma gahiinsi kaayyoo barnootaa ittiin mirkanaa’uudha. Tooftaalee odeeffannoon waa’ee yaad-qalbii ykn raawwii barattootaa ittiin walitti qabamu keessaa isa tokkoodha. Tooftaan yaaliin alaa odeeffannoon waa’ee raawwii barattootaa ittiin guuraman kan akka daawwannaa, abbaltii , hojii piroojektii, poortifooliyoo fikkf kan jiran ta’uu hubatamuu qaba.
Walumaagalatti, yaalii tooftaa dandeettii barattootni dalagaa tokko raawwachuuf qaban mirkaneessuuf ykn beekumsaa fi dandeettii qabiyyee tokkoo galmaan gahachuu isaanii ibsuuf gaggeeffamuudha.

1.1.2. Safarrii (Measurement)
Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti wantootni garaagaraa nuti safarru ni jiraata. Hojjaa keenya safaruun meetiraa fi seentimeetiraan ni keenya. Wantoota soorannu kanneen akka shukkaaraa kiloogiraamaan fi kanneen dhangala’oo ta’an immoo litiraan safarra.
Haaluma walfakkaatuun, barnoota keessatti safarrii jechuun adeemsa hanga raawwii barattootaa safaruun fi lakkoofsaan ibsuuti. Yaad-qalbii ykn raawwii barattootaa hangaan (quanitatively) ibsuudha. Akka ogeeyyii barnootaatti gahumsa namootni gama ilaalchaan, fiixaan bahiinsa barnootaan, fedhiin, sansakaan fi kkf qaban yeroo yeroon kan safarruudha. Safarriin ibsa caalaatti dhugaa qabuu kennuu fi waldorgomsiisuuf bu’a qabeessaadha. Meeshaalee safarrii (fkn. yaalii fi kanneen biroo) fayyadamuun barataan tokko barattoota biroo gosa barnoota kanarratti ni caala jechuu dandeenya.
Kanaafuu, kaayyoon safarrii barnootaa wanta tokko namni tokko hangam akka argate lakkoofsaan ibsuudha. Safarriin qabxii argamee fi adeemsa qabxii sana fiduuf keessa darbames ni mul’isa.

1.1.3. Madaallii (Evaluation)
Adeemsa ulaagaa raawwii bu’a qabeessummaa ykn qulqullina barachuu sana ilaalchisee duraan lafa kaa’amerratti hundaa’uun milkaa’ina barachuu barattootaarratti murtee kennuuti. Hangam barattootni barataniiru yaada jedhu mirkaneessuurratti xiyyeeffata.Yammuu madaallu hojiin barattootaa gaarii, sirrii, dhugaa, qajeelaa, fikkf jechaa jirra jechuudha. Madaalliin iyyaafannaa adeemsa keessaa fi iyyaafannaa xumuraarratti hundaa’uun waa’ee barnootaarratti yaada kenna.
Madaalliin yaad-qalbii barattootaa hangaan (lakkoofsaan) fi qulqulleen ibsuu irratti gatii murtee (value judgment) barbaachisummaa yaad-qalbii sanaa calaqqisiisu kan of-keessatti hammatuudha. Qindoominni salphaan herregaa armaan gadii hariiroo safarrii fi madaallii kan mul’isaniidha.
Madaalliin = Yaad-qalbii barattootaa hangaan (lakkoofsaan) kaa’uu + Yaad-qalbii barattootaa bifa qulqulleen ibsuu + Gatii murtee kennuu
Kanaafuu, madaalliin safarrii (yaalii) irratti hundaa’uu ykn hundaa’uu dhiisuu ni danda’a. Gatiin hangaa safarriin arganne hanga ulaagaa dursaan qophaa’e wajjiin walbira qabnutti hiika tokkollee hin qabu. Fakkeenyaaf, kaayyoo barannoo barattootni ‘quadratic equations’ ni shallagu jedhuuf, yaaliin kaayyoo kanaan walqabatu yoo kennamee barattootnii hundi 80% fi ol fidan barsiisaan baruu-barsiisuun isaa/ishee galma gaheera jechuu ni danda’a.
Kana jechuun, Madaalliin adeemsa wanta safarame ulaagaa dursaan lafa kaa’anneen walbira qabuun ulaagichi galma gahuu isaa, sirrii ta’uu, gaarii ta’uu,dhugummaa qabaachuu, sababa fi loojikiin deeggaramuu fikkf ittiin mirkaneeffannuudha. Kanaafuu, madaalliin sirna barnootichaa keessatti waan barattootni beekanii fi hojjechuu danda’an irratti odeeffannoo sirritti cuunfee maatiif, barsiisota biroof, qaama qacaruuf, dhaabbilee sadarkaa barnoota itti aaanuu fi barattoota mataa isaaniitiif kan kennuudha

Gochaa 1.2: Hojii Cimdii
Odeeffannoo waa’ee barachuu fi barsiisuu walitti qabatan irratti hundaa’uun barsiisonni murtee akkamii fa’a kennuu danda’u ?
kaayyoon barannoo galma gahuu ykn dhiisuu isaa murteessuuf
kutaarraa kutaatti darbuu barataa mirkaneessuuf
gahumsa qabaachuu sagantaa barnootaa tokkoo mirkaneessuuf fikkf

1.1.4. Iyyaafannaa (Assessment)
Gochaa 1.3: Hojii Dhuunfaa

  1. Iyyaafannaa jechuun maal jechuudha? Maaltu iyyaafatama?
  2. Barsiisotni waa’ee fooyya’iinsa barachuu barattootaa fi waa’ee barsiisuu isaaniirratti odeeffannoo akkamitti walitti qabatu?
    Iyyaafannaan adeemsa tooftaalee adda addaatti (Fkn. yaalii, daawwannaa, gaaffii barreeffamaa fi afaanii, fkkf ) fayyadamuun waa barachuu barattootaarratti odeeffannoo walitti qabuu, qindeessuu fi hiikuuti.
    Iyyaafannaan, adeemsa sirna qabeessa kamiiyyuu fayyadamuun gaaffii dhiyaaterraa ragaa walitti qabachuun waa’ee beekumsaa, dandeettii, ilaalchaa fi kkf barattootaa ittiin hubannuudha. Yaalii fi safarrii caalaa yaad-rimee bal’aa ta’ee, lamaan isaanii of-keessatti kan hammatuudha. Tooftaalee iyyaafannaa hedduu (yaalii barreeffamaa, yaalii afaanii fi yaalii raawwii, daawwannaa fi kkf) odeeffannoo waa’ee barachuu barattootaa kennuuf gargaaran of-keessaa qaba. Ibsa hangaa fi qulqullee waa’ee yaad-qalbii barattootaas of-keessaa qabaachuu ni danda’a.
    Iyyaafannaan kan gaggeeffamuuf fooyya’iinsa barataa qajeelchuuf, barattoonni dogoggora isaanirraa akka baratan gargaaruuf, barsiisuun akka gaariitti deemaa jiraachuu isaa beekuuf, duub – deebii kennuuf, bu’awwan barachuu yaadaman gara qabatamaatti jijjiiramuu isaanii mirkaneessuu fi kkf dha. Odeefannoon kunis karaa iyyaafannaa idilee fi miilta’aa ta’een walitti qabamuu danda’a. i. Iyyaafannaa Idilee / Formal Assessment/ Gocha 1.4
    Iyyaaffaannaan idilee maali?
    Kaayyoon iyyaaffaannaa idilee inni ijoo maali?
    Maalleen iyyaaffaannaa idilee ta’an tarreessi?

Iyyaafannaan idilee iyyaafannaa itti yaadamee of-eeggannoodhan qaphaa’udha.Isaanis, yaalii barreeffamaa, yaalii afaanii, pirojeektii, portifooliyoo fi kkfdha.Odeeffannoon meeshaalee iyyaafannaa idileedhaan walitti qabamu yeroo baayyee dhugummaa fi amansiisummaa waan qabuuf qabxii barataaf qabuuf gargaaru.
ii. Iyyaafannaa Miilta’aa /Informal assessment/
Gocha 1.5
Iyyaafannaan miilta’aa maali?
Kaayyoon iyyaafannaa miilta’aa ijoon maali?
Meeshaalee iyyaafannaa miilta’aa ta’an saddet tarreessi?

Iyyaaffaannaan miilt’aa iyyaafannaa akka tasaa baru – barsiisuu keessatti gaggeeffamudha.Iyyaafannaan kun wayitii baru-barsiisuun daree keessatti adeemsifamaa jiru rakkina barataa barachuurratti qunname battalatti furuun barachuun haala qajeelaan akka gaggeeffamu godha.Iyyaafannaan miilta’aa qabxii kennuuf gahumsa dhabuyyuu waa’ee ogummaa barataa keessumaayyuu naannoo dandeettii afaaniirratti odeeffannoo bu’a-qabeessa kennuun barachuu fi barsiisuu fooyyessu keessatti gahee guddaa qaba.
Gochaa 1.6: Hojii Garee
Walitti dhufeenyaa fi garaagarummaa yaad-rimeewwan arfan:yaalii, safarrii, madaallii fi iyyaafannaa gidduu jiru ibsaa!

1.2. Dhimmoota Iyyaafannaa fi Madaallii Barachuu fi Itti Fayyadama Dhimmoota Iyyaafannaa Barachuu Mana Barumsa Sadarkaa tokkoffaa
Gocha 1.7.

  1. Kanaan dura waa’ee iyyaafannaa:
    adeemsa keessaa
    xumuraa
    ramaddii fi
    sakatta’iinsaa dhageessee beektaa? Faayidaa tokko tokkoo isaanii barreessaa!

Iyyaafannaan adeemsa keessaa, xumuraa, ramaddii fi sakatta’iinsaa meeshaalee fooyya’insa barattootni yeroo baruu-barsiisuun sadarkaa garaagaraatti gaggeeffamu fidan mirkaneessuuf barsiisonni itti fayyadamaniidha. Odeeffannoon meeshaalee kanaan walitti qabaman barsiisonni hangam barsiisuun isaanii milkaa’ina barattootaaf akka gumaache ittiin madaaluuf kan gargaaraniidha.

1.2.1. Dhimma Iyyaafannaa Adeemsa Keessaa (Formative Purpose)

Iyyaafannaan adeemsa keessaa iyyaafannoo barsiisuun duraa fi wayitii barsiisuu gaggeeffamuun adeemsa baruu-barsiisuu qajeechuu fi fooyyessuuf gargaarudha. Iyyaafannaa akka qaama baruu-barsiisuutti ilaalamuudha.
Faayidaan iyyaafannaa adeemsa keessaa:
Naannolee barachuu fooyya’insa barbaadan adda baasuuf
Barachuu barattootaa qajeelchuuf
Barachuun raawwachaa jiraachuu beekuuf
Fooyya’iinsa barachuurratti barattootaa fi barsiisaaf duu-deebii kennuuf; fooyya’iinsaaf maal fa’atu hojjetamuu akka qabu itti agarsiisa.
Fedhii barattootaa sakatta’uu fi jijjiiramni barbaachisaan koorsii kennamurratti godhamu yoo jiraate beeksisuuf
1.2.2. Dhimma Iyyaafannaa Xumuraa (Summative Purpose)

Iyyaafannaa erga baruu-barsiisuun raawwatee booda gaggeeffamuu fi odeeffannoo fi duub-deebii adeemsa baruu-barsiisuu waliigalaa kennuun murteedhaaf haala kan mijeessuudha.
Faayidaaleen iyyaafannaa xumuraa:
Fiixaan bahiinsa galmawwanii fi kaayyoolee barnootaa madaaluuf
Raawwii waliigalaa barattootaarratti murtee kennuuf ( Fkn. barattoota daree irraa dareetti darbuu qaban fi kufuu qaban addaan foo’uuf ykn qabxii barattootaa kennamuu qabu murteessuuf)
Odeeffannoo waa’ee dandeettii barattootaa dhimmamtoof (maatiif, hoggantootaf, qaamolee qacaruuf) kennuuf.
Bu’a qabeessummaa meeshaalee barnootaa, baruu-barsiisuu, sagantaa barnoota mana barumsaa fikkf murteessuuf

1.2.3. Dhimma Iyyaafannaa Ramaddii (Placement Purpose)

Sagantaan barumsaa haaraa tokko osoo hin jalqabiin dura waa’ee barattootaa beekuuf iyyafannaa gaggeeffamudha. Iyyaafannaan ramaddii barattoota akkaataa beekumsa ykn dandeettii isaaniin kutaatti ramaduuf gargaara.Meeshaaleen odeeffannoo akkasii walitti qabuuf gargaaran yaalii qopha’inaa, yaalii dandeettii, yaalii duraa, daawwannaa fi kkf dha.Odeeffannoon iyyaafannaa kanaan walitti qabamu gaaffilee armaan gadii deebisuuf gargaara.
Barattoonni koorsii haaraa tokko jalqabuuf hangam qophaa’anii jiru? Hubannoo fi dandeetti hangam qabu?
Barattoonni mata – duree fuul – duratti baratanirratti beekumsa hangam qabu?
Mala baruu fi barsiisuu kamtu amala barattootaaf mijawaa dha?
1.2.4. Dhimma Iyyaafannaa Sakatta’iinsaa (Diagnostic Purpose)

Iyyaafannaan sakatta’iinsaa osoo baruu-barsiisuun hin jalqabin dura madaallii beekumsaa fi dandeettii barattootaa adda baafachuuf barsiisaadhaan gaggeeffamuudha.
Iyyaafannaan Sakatta’iinsaa:
Fedhiin barataa dhuunfaa fi garee akka galma gahu haala gaarii ittiin barnoota jalqabu barsiisaatti kan agarsiisuudha.
Barsiisonni galma dhugaa ta’ee fi yeroo sirrii ittiin fedhii barattootaa dhaqqabsiisan akka qopheeffataniif gargaara.
Barsiisotni iyyaafannaa koorsii guutuu semisteeraatti gaggeeffamaa ture iyyaaffannaa sakatta’iinsa jalqabarratti gaggeeffame akka ulaagaatti (baseline) faayyadamuun fooyya’iinsa qabiyyee barannoo, boqonnaa, semisteeraa ykn waggaa madaaluu fi fedhii barataa guutuuf barsiisuu jijjiiruuf gargaara.
Walumaagalatti, daawwannaa, yaalii waa gonfachuu, galmee yaad-qalbii fikkf fayyadamuun rakkina barachuu barattootaa adda baasuun karoora furmaata ta’u qopheessuuf gargaara
Akka waliigalaatti iyyaafannaan dhimmoota ijoo armaan gadiitiif kan gargaaruudha
Odeeffannoo kennuu fi baruu-barsiisuu qajeelchuuf gargaara: Karoorri iyyaafannaa gaariin barsiisotaaf waan barattootni beekanii fi hojjechuu danda’an irratti odeeffannoo sirrii kenna.
Barattootni galma barachuu akka qabaatan taasisa: Barattootni yeroo yeroodhaan maal irratti akka argaman fi galma isaanii milkeessuuf maal hojjechuu akka qaban beekuu barbaadu. Barattootni dammaqinaan tarkaanfii barachuu isaanii itti aanu yoo iyyaafatanii fi isaan raawwachuuf galma yoo kaawwatan fooyya’iinsa gaarii barachuu isaanii qajeelchuuf qabu jechuudha.
Gabaasa qabxii barattootaa qopheessuuf gargaara: Gabaasni qabxii maatiif, qaama qacaruuf, manneen barumsaaf fi dhimmamtoota biroos mootummaas dabalatee odeeffannoo cuunfaa waa’ee barattootaa kan kennuudha.
Barattoota Si’eessuuf Gargaara: Akka qorannoon mul’isutti barattootni fooyya’insaa fi fiixaan bahiinsa yoo agarsiisan ofitti amanamummaa fi si’aayina ni horatu.

1.3. Seerota/Piriinsippiloota Iyyaafannaa fi Madaallii Barachuu Barattootaa
Gocha 1.8.
Seerota/piriinsippiloota iyyaafannaa fi madaallii barachuu barattootaa qaamolee adda addaatiin lafa kaa’aman ibsaa!
Faayidaa seeronni kun milkaa’ina barachuu barattootaatiif qabu addeessaa!

Seeronni iyyaafannaa qabxiilee sirna fooyya’iinsa barattootaa iyyaafachuuf barbaachisan kan ibsaniidha. Seeronni hundinuu dhimmoota yammuu sirni iyyaafannaa barattootaa gaggeeffamu irratti hundaa’amu kan addeessaniidha. Seeronni iyyaafannaa odeeffannoo murtee waa’ee barnootaa kennuuf, hirmaannaa barattootaa guddisuuf fi barachuu barattootaa fooyyessuuf nu gargaaran akka walitti qabannu kan nu gargaaraniidha.
Ogeeyyiin barnootaa garaagaraa seerota iyyaafannaa adda addaa hundeessaniiru. “Miller, Linn and Grunland (2009)” seerota dimshaashaa iyyaafannaa armaan gadii adda baasaniiru. Kunis:
Adeemsa iyyaafannaa keessatti wanta iyyaafatamu sirritti adda baasuun barbaachisaadha.
Tooftaan iyyaafannaa yaad-qalbii iyyaafatamu ykn raawwii safaramuu barbaadamurratti hundaa’uun filatamuu qaba.
Iyyaafannaan gadi fageenyaa tooftaalee iyyaafannaa garaagaraa barbaada.
Tooftaalee iyyaafannaa sirrii fayyadamuun hubannoo waa’ee hanqina tokkoon tokkoo isaanii barbaada.
Iyyaafannaa karaa ittiin galma gahaniidha malee mataa isaatiin galma miti.
Seeronni iyyaafannaa biyya Awustiraaliyaa keessatti muummee barnootaa fi leenjii ‘New South West Wales (2008)’ jedhamuun adda bahan ammoo kanneen armaan gadiiti. Isaanis:.
Iyyaafannaan wanta iyyaafatamuun walqabachuu qaba (Assessment should be relevant). Beekumsa, dandeettii fi hubannoo kaayyoolee barnootaa sirna barnootaa keessatti ibsaman barattootni fidan irratti iyyaafannaan odeeffannoo kennuu qaba.
Iyyaafannaan sirrii ta’uu qaba (Assessment should be appropriate). Iyyaafannaan waa’ee barachuu nuti beekuu barbaadnerratti odeeffannoo nuuf kennuu qaba. Kana jechuun tooftaan iyyaafannaa kamiiyyuu waa’ee barachuu hundarratti odeeffannoo nuuf kennuu waan hin dandeenyeef tooftaalee iyyaafannaa adda addaa fayyadamuu qabna jechuudha. Fakkeenyaaf, yaad-qalbiin (barachuun) tokko tokko daawwannaadhaan sirritti iyyaafatamu; tokko tokko immoo barattoota hojii piroojektii hojjechiisuun caalaatti iyyaafatamu; kanneen biroo qorumsa barreeffamaatiin irra caalaatti iyyaafatamu. Dhimma fiixaan bahiinsa barachuu barattootaarratti yaadni nuti kenninu dhugummaa kan qabaatu yoo tooftaan iyyaafannaa nuti itti fayyadamne sirrii ta’ee fi wanta akka safaru barbaadamu safaruu yoo danda’eedha.
Iyyaafannaan haqummaa qabaachuu qaba (Assessment should be fair). Iyyaafannaan barattootni hundi wanta beekan, hubataniifi hojjechuu danda’an akka ibsan carraa kennuufii qaba. Iyyaafannaan ilaacha barattootni hundi fooyya’uu danda’u jedhurratti hundaa’uu qaba. Barattootni beekumsa, muuxannoo, dandeettii afaanii fikkf aadaa adda addaa gara daree barnootaatti fidu. Garaagarummaa aadaa isaan qaban kun haala barattoota walqixa hin keessumeessinee fayyadamoo isaan gochuu ykn gochuu dhiisuu hin qabu. Barattootni mirga wanta iyyaafatamu, haala itti iyyaafatamu,fi bu’a qabeessummaa iyyaafannaa beekuu qabu. Iyyaafannaan haqummaa/walqixummaa qaba kan jedhamu yoo loogiirraa bilisa ta’e qofaadha
Iyyaafannaa dogoggora qabaachuu hin qabu (Assessment should be accurate). Iyyaafannaan ragaa sirrii waa’ee beekumsa, dandeettii fi hubannoo ibsu kennuu qaba. Kana jechuun iyyaafannaan amansiisummaa qabaachuun beekumsa, dandeettii fi hubannoo barattootaa safaruu qaba. Iyyaafannaa haqummaa qaba kan jedhamu yoo safarrii amansiisummaa fi siroominaa qaburratti hundaa’eedha.
Iyyaafannaan odeeffannoo bu’a qabeessa kennuu qaba (Assessment should provide useful information). Xiyyeefannaan iyyaafannaa iddoo barattootni barachuu isaanii ilaalchisee irra jiran beekuudha. Odeeffannoon iyyaafannaan argamu dhimma iyyaafannaa xumuraaf (Fkn. qabxii qabuuf) fi dhimma iyyaafannaa adeemsa keessaaf (fkn adeemsa barachuu qajeelchuuf) kana gargaaruudha.

Iyyaafannaa marsaa baruu-barsiisuu keessatti hammatamuu qaba (Assessment should be integrated into the teaching and learning cycle) . Iyyaafannaan qaama baruu-barsiisuu ta'ee osoo walirraa hin citin gaggeeffamuu qaba. Barsiisaa fi barattootni barachuu too'achaa akka deeman kan taasisu ta'uu qaba. Gama barsiisaatiin odeeffannoo inni/isheen baruu-barsiisuu gara fulduraa ittiin qaljeechu/tu kan kennuufiidha.  Gama barattootaan immoo carraa of-ilaaluu fi fooyya'insa sakatta'uu kan laatu akkasumas kaka'umsaa fi kallattii barachuu gara fulduraa agarsiisuu danda'a. 
Iyyaafannaan ragaa bal'aa ta'erratti hundaa'uu qaba (Assessment should draw on a wide range of evidence). Iyyaafannaa gama hundaanuu gahumsa barattootaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta'uu qaba.Sagantaan iyyaafannaa irra deddeebiin kaayyoolee murtaa'an qofa ibsu duub-deebii hir'uu barsiisaa fi barattootaaf kan kennuu fi haala baruu-barsiisuu kan dogoggorsiisuu danda'uudha. 
Iyyaafannaa mijaa'aa ta'uu qaba (Assessment should be manageable). Iyyaafannaan gahumsaa fi mijaa'insa kan qabu ta'uu qaba. Iyyaafannaa haala salphaa ta'een gochaalee daree barnootaatti dabalamuu qaba.

Gochaa 1.9: Hojii Garee
Garee xixiqqaan ta’uun gaaffilee armaan gadiirratti mari’adhaa.
1) Seerota garee lamaan olitti ibsamanii gidduu walitti dhufeenyi jiraa? Garaagarummaan hoo?
2) Faayidaan baruu-barsiisuu keessatti seeronni kun qaban maal fa’aadha?
Sababoota hojiirra oolmaa seerota kana daangessuu danda’anii fi furmaata tokko tokkoo gufuulee kanaa adda baasuun ibsaa
Muuxannoo qabdan irraa ka’uun seeronni kunniin mana barumsa sadarkaa tokkoffaa keessatti hangam hordofamuu akka danda’an mari’adhaa!

1.4. Iyyaafannaa Walitti Fufaa fi Akaakuuwwan Iyyaafannaa Walitti Fufaa
Gocha 1.10
Iyyaafannaa walitti fufaa jechuun maal jechuudha?
Akaakuuwwan iyyaafannaa walitti fufaa adda baasuun ibsaa!
Iyyaafannaan walitti fufaa irra caalaa akaakuu iyyaafannaa isa kamiin ibsama? Maaliif?

1.4.1 Maalummaa Iyyaafannaa Walitti Fufaa
Iyyaafannaa walitti fufaan iyyaafannaa tooftaalee adda addaatti gargaaramuun qaamolee barachuu adda addaa irratti osoo wal irraa hincitiin karaa idilee fi miilta’aa ta’een odeeffannoo walitti qabatudha. Iyyaafannaan walitti fufaa itti dhiheenyaan barattoota dhageeffachuu, yeroo barattootni barachuurratti hirmaachaa jiran daawwachuu, yeroo isaan meeshaaleetti fayyadamaa jiran daawwachuu fi wanta barattootni hubatan hubachuuf yaaluudha. Iyyaafannaa yeroo sirrii barbaachisaa ta’etti hojiirra oolu malee kan xumura torbeetti ykn boqonnaatti gaggeeffamuu miti. Iyyaafannaan kun kan walirraa hin cinne kan jedhamuuf guyyaa guyyaadhaan yeroo barattootni waa sakatta’aa jiranii fi mari’achaa jiranitti daawwannaa fi galmee hojii isaanii kan gaggeessu waan ta’eefidha.

Iyyaafannaan walitti fufaa fooyya’iinsa barachuu barattootaa tooftaa qabxiin waliigalaa barattootni gama yaad-sammuun, ilaalchaa fi dandeettiitiin fidan haala sirna qabeessa ta’een raawwii barattootni yeroo barnootaa hunduma keessatti taasisan kan of-keessatti qabatuudha (Falayalo, 1986). Akka ‘Airasian (1991) ibsetti iyyaafannaan walitti fufaa mala iyyaafannaa barsiisaan maddaa fi tooftaa iyyaafannaa garaagaraa fayyadamuun odeeffannoo waa’ee barattootaa walitti qabachuu, hiika itti kennuu fi gurmeessuuti.

1.4.2. Akaakuuwwan Iyyaafannaa Walitti Fufaa

Iyyaafannaa walitti fufaa guutuu ta’e tokko iyyaafannaa walitti fufaa adeemsa keessaa fi iyyaafannaa walitti fufaa xumuraa of-keessatti hammata.
1.4.2.1 Iyyaafannaa Walitti Fufaa Adeemsa Keessaa

Iyyaafannaan walitti fufaa adeemsa keessaa osoo walirraa hin citin adeemsa baruu-barsiisuu keessatti iyyaafannaa gaggeeffamuudha. Iyyaafannaan walitti fufaa adeemsa keessaa kan qophaa’uuf duub-deebii barattootaaf kennuun adeemsa baruu-barsiisuu qajeelchuufidha. Kunis ciminaa fi dadhabina jiru adda baasuun raawwii gara fulduraa fooyyessuuf kan gargaaruudha. Iyyaafannaan kun baru – barsiisuu fooyyessuuf yeroo baayyee tooftaalee iyyaafannaa milta’aatti gargaarama.

1.4.2.2. Iyyaafannaa Walitti Fufaa Xumuraa

Kaayyoon ijoon iyyaafannaan walitti fufaa xumuraa qabxii barattootaaf kennamuu qaburratti murtee kennuudha. Yeroo baay’ee xumuraa gochaalee irratti gaggeeffamuun milkaa’ina waliigala raawwii barattootaarratti murteessuuf qophaa’a.
Iyyaafannaan kun waa’ee guddina barataa, bu’aa baruu-barsiisuu daree fi sagantaa barachuu mana barumsaa irratti yaada cuunfaa kan kennuudha. Haa ta’uu malee, dhuma baruu-barsiisuurratti waan gaggeeffamuuf tooftaa baruu-barsiisuu barsiisaarratti dhiibbaa battalaa hin qabu. Irra caalaan iyyaafannaa walitti fufaa xumuraa iyyaafannaa idilee waan ta’eef odeeffannoon waa’ee baru – barsiisuu walitti qabamu irra caalaan isaa amansiisummaa fi dhugummaa guddaa qaba.

Yaada Xumuraa
Yaalii, safarrii, iyyaafannaa fi madaalliin yaad-rimeewwan yeroo baay’ee naannoo iyyaafannaa fi madaallii barnootaa keessatti hojiirra oolaniidha.
Iyyaafannaa dhimmoota barbaachisoo adda addaaf kan gargaaruudha. Kunis, baruu-barsiisuu qajeelchuuf, barattootni akka galma barachuu isaanii kaawwataniif, barattoota si’eessuu fikkf dha.
Iyyaafannaan haala barattoota gara galma gahiinsa kaayyoo barnootaatti qajeelchuun qophaa’uu qaba.
Iyyaafannaa qaama adeemsa baruu-barsiisuu ta’ee, meeshaa ijoo barachuun ittiin milkaa’uudha.
Faayidaan barattootni iyyaafannaarraa argatan baay’ee akka guddatuuf isaan adeemsa iyyaafannaa keessatti hirmaachuu qabu.

References
Angelo, T.A. & Cross, K.P (). Classroom Assessment Techniques; A Handbook for College Teachers. 2nd Ed. San Francisco: Jossey-Bass Publishers.
Airasian, P.W. (1991), Classroom assessment. New York. McGraw-Hill.
Braun, H., Kanjee, A., Bettinger, E., and Kremer. M. (2006). Improving Education
Educational Testing Services. Linking Classroom Assessment with Student Learning.
Ellis, V. (Ed). (2007). Learning and Teaching in Secondary Schools. Third edition. Learning Matters Ltd
Falayajo Wole (1986), Philosophy and theory of continuous assessment. A paper presented at a workshop for Inspectors of Education in Odor State, Nigeria. 4th December
McDonald E. S. & Hershman D. M. (2010). Classrooms that Spark! Recharge and Revive Your Teaching. 2nd Ed. San Francisco: Jossey-Bass Publishers.
Mehrens, W.A. & Lehman, I.J () Measurement and Evaluation in Education. 4th Ed. New York: Harcourt Brace College Publishers.
Miller, D.M, Linn, RL. & Grunland, NE. Measurement and Assessment in Teaching. 10th ed. Upper Saddle River:Pearson Education, Inc.
NSW DEPARTMENT OF EDUCATION & TRAINING (2008). Principles of Assessment and Reporting in NSW Public Schools
Phye, G. D. (ed). (1997). HANDBOOK OF Classroom Assessment Learning, Achievement, and Adjustment. San Diago: Academic Press.
Spiller, D. (2009). Assessment: Feedback to promote student learning. Teaching Development| Wāhanga Whakapakari Ako

BOQONNAA-2
IYYAAFANNAA RAAWWII MANA BARUMSAA SADARKAA TOKKOFFAA KEESSATTI
SEENSA
Boqonnaan kun yaad-rimeewwan ijoo ta’an waa’ee iyyaafannaa raawwiin wal-qabata. Fakkeenyaaf kanneen akka hojii harkaa hojjechuu, taayippii/kompiitera barreessuu barachuu, gaaffilee herregaa adda addaa hojjechuu, yaalii adda addaa hojjechuu mana yaalii (fknf, biqiltoota adda addaa biqilchuu fi horsiisuu karaa baayoloojii, akkasumas immoo keemikaalota adda addaa walnyaachisuu fi gubuu karaa yaalii keemistirii fi kkf) keessatti ni gaggeeffama. Beekumsis ta’e ogummaan yookiin dandeettiiwwan tokko tokko barreeffamaan dhiyaachuun iyyaafatamu, gariin isaanii immoo gochaan yookiin yaaliinii fi gad-fageenyaan yaaduu gaafatanii fi murtii barbaadan caalaatti kan iyyaafataman yaaliiwwan raawwiidhaan iyyaafatamu. Kanumarratti hundaa’uun, matadureen kunis ykn boqonnaan kunis waa’eema yaad-rimee iyyaafannaa raawwii, faayidaa, galmaa fi ciminaa fi hanqina iyyaafannaa raawwii fi meeshaalee iyyaafannaa raawwiif gargaaran kanneen akka hojii garee, daawwannaa, poortifooliyoo, piroojektii, fi kkf faa’idha.
Kaayyoolee Boqonnichaa:
Xumura boqonnaa kanaa irratti K/barsiisotaa:
Yaad-rimee iyyaafannaa raawwii ni hubatu
Barbaachisummaa iyyaafannaa raawwii ni beeku
Meeshaalee iyyaafannaa raawwiif gargaaran mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti ni hubatu.
Meeshaalee iyyaafannaa raawwii wal-bira qabuu hubannoo ni dagaagfatu
Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti akkaataa meeshaalee iyyaafannaa raawwii itti uumanii fi hojiirra oolchan ni hubatu.

  1. Akaakuu Meeshaalee Iyyaafannaa (Types of Assessment Tools)
    Akaakuuwwan meeshaalee iyyaafannaa bifa gooroo ta’een yammuu ibsaman bakka lamatti qooduu dandeenya. Isaanis: Iyyaafannaa waraqaa fi kobbee fi iyyaafannaa raawwii (authentic assessment) ti. Iyyaafannaan waraqaa fi kobbee boqonnaa 3ffaa keessatti kan dhiyaatu yoo ta’u, boqonnaan kun iyyaafannaa raawwiirratti kan xiyyeeffatudha.
    2.1 Iyyaafannaa Raawwii (Authentic Assessment)
    2.1.1 Yaad-rimee Iyyaafannaa Raawwii (Concepts of authentic Assessment).

Shaakala 2.1
Kaadhimamaa barsiisaa/tuu iyyaafannaa raawwii jechuun maal jechuu akka ta’e ni beektaa? Hiriyyaa ke waliin me irratti mari’adhu mee!
Mana barnootaa keessatti yaaliin adda addaa waraqaa irratti qophaa’ee ni kennama, kunis fiixaan bahinsa yaad-sammuu iyyaafachuuf bu’aa qabeessa ta’ee argamee jira. Garuu, yaad-qalbii barataa tokko kallattiidhaan gad-fageessee safaruu hin dandeenye. yaad-qalbii akkasii safaruu kan danda’u immoo iyyaafannaa raawwii (authentic assessment) jedhama.
Iyyaafannaa raawwii jechuun yaad-qalbii barataa tokko kallattiidhaan gad-fageessee kan safaru jechuudha dha. Karaa biraa immoo, iyyaafannaan raawwii gosa iyyaafannaa ta’ee yeroo itti barattootni gaaffii qabatamaa addunyaa kanaa hojjechuuf gaafatamanii fi karaa sirrii ta’een hojiirra oolchuuf beekumsi fi dandeettiin isaanii itti madaalamu/ilaalamu jechuu dha. Walumaagalatti, iyyaafannaan raawwii wanta yaalii barreeffamaan iyyaafatamuu hin dandeenye iyyaafachuuf kan gargaaru jechuu dha.
2.1.2. Galmoota Iyyaafannaa Raawwii (Goals of Authentic Assessment)

Wantoota barattootni hin beeknerra kanneen isaan beekanirratti xiyyeeffata
Haal-dureewwan qophaa’an keessaa osoo hin taane deebii barattootni deebisuu akka dagaagfatan ni taasisa.
Hojii pirojektii waliigalaa barattootaa madaaluuf gargaara
Hojiiwwan barattootaa muraasa akka iddattootti yeroo dheeraaf kan itti fayyadamudha
Ulaagaalee ifa ta’an qopheessuudhaan barattootnii fi maatiin isaanii akka beekan taasisa
Gad-fageenyaan yaaduu barattootaa ni dagaagsa
Dandeettii murtee kennuu barattootaa dagaagsa
Barnoota daree waliin haalaan akka wal-qabatu taasisa
Barattootni akka hojii mataa isaanii madaalan taasisa
Walumaagalatti iyyaafannaan raawwii, sadarkaa daree barattootaa, muuxannoo fi hubannoo barattootaa, haala duudhaa, aadaa fi falaasama jireenya barattootaa akkasumas dandeettii afaanii fi akkaataa barachuu barattootaa kan hubannoo keessa galchu dha.

2.1.3 Faayidaa Iyyaafannaa Raawwii (Importance of Authentic assessment)
Shaakala 2.2
K/barsiisaa/tuu faayidaan iyyaafannaa raawwii maali?
Iyyaafannaan raawwii faayidaa hedduu qaba. Isaanis: akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.
Dandeettii kallattiidhaan safaruu danda’u
Yaaliin raawwii kallattiidhaan ogummaa baratamee gonfatame safara. Fakkeenyaaf kanneen akka portifooliyoo, pirojektii, falmii gaggeessuu, yaalii garaagaraa hojjechuu, gabaasa dhiyeessuu, hojii garee hojjechuu fi kkf dha. Garuu yaaliin barreeffama al-kallattiidhaan barachuu iyyaafatu. Fakkeenyaaf, gaaffiin gaafatamee deebiin isaa deebi’uun wanti tokko baratamee beekamuu isaa nu agarsiisa.
Jijjiirama yaad-qalbii adeemsa battalaa keessatti dhufan(mul’atan) safaruuf mijaawaa dha.
Dandeettii waa uumuu yookiin waa kalaquu barattootaa iyyaafata. Kun kan gargaaruuf barattootni qabiyyee (gochaa) barannoo beekumsaa fi ogummaa irraa argatan ofii isaanii keessatti hirmaachuu dhaan hojjetanii agarsiisanii fi addunyaa dhugaa keessatti hiika itti kennuu akka danda’an isaan gargaarudha.
Akka maddi ragaa argannoo hayyuu (Wiggins, 1998) dhiyaateen ibsametti barsiisotni tooftaalee iyyaafannoo adda addaatti keessummaayyu, iyyaafannaa raawwii bifa heddumminaa fi adda ta’een gargaaramuudhaan raawwii hojii barattootaa haala gaariidhaan safaruun jijjiirama yaad-qalbii barbaadame bira gahamudha.
Adeemsaa fi bu’aa iyyaafata
Yaaliin adeemsaa fi bu’aa iyyaafata. Fakkeenyaaf, barsiisaan adeemsa dubbisuu barattootaa tokko tokkoo karaa parsanteejii (dhibbentaa) jechoota hagam sirriitti dubbisuu, oduu durii dubbisuun booda parsanteejii elementootaa oduu durii hagam barattootni jecha isaaniin akka dubbatan iyyaafata.
Barsiisuu, barachuu fi iyyaafannaa walitti hidha(qindeessa)
Iyyaafannaan raawwii gosa iyyaafannaa aadawaa (traditional assessment) caalaa qindoomina barsiisuu, barachuu fi iyyaafachuu kan jajjabeessu dha. Fknf. Iyyaafannaa aadawaa keessatti barsiisuu fi barachuu adeemsa iyyaafannaa irraa kan adda bahedha. Kunis, iyyaafannaa (bifa battallee ykn yaalii) kan gaggeeffamu erga beekumsii fi ogummaan tokko baratamee boodadha. Garuu, iyyaafannaa raawwii keessatti kan iyyaafatamu dandeettii barattootni beekumsaa fi ogummaa horatan sana hojiitti hiikuu danda’uu isaanii gochaa barannoo jireenyaa (real-life situation) bu’uureffatee kan gaggeeffamudha.
Barannoowwan keessatti hammatamuu danda’a
Iyyaafannaan raawwii barannoo wajjin wal-simsiisuun gaggeeffamuu kan danda’u dha. Fakkeenyaaf, wantoota akka kompiiteraan barreessuu, guddisanii dubbisuu, maashinii herregaan herreguu fi kkf itti gargaaramuun wantoota akkaataa qabatamaan uumamanitti daawwachuu fi haangeessuu danda’amuun baratamu dha.
Ogummaawwan hawaasummaa fi ilaalchaa iyyaafata
Yaaliiwwan raawwii of-qajeelchuu, dandeettii namoota waliin hojjechuu fi dammaqinaan hawaasummaa qabaachuu barataa iyyaafachuuf gargaara.
Gochaalee barannoo fi iyyaafannoo akkasumas kaayyoolee barnootaa kallattiidhaan wal-simsiisuudhaan akka raawwatan taasisa
Ogummaa waa barreessuu (barreeffama afaanii) barattootaa fooyyessa
Beekumsaa fi ogummaa addunyaa dhugaa(haala qabatamaa) barattootaa calaqqisiisa
2.1.4 Hanqinoota Iyyaafannaa Raawwii

Iyyaafannaa raawwii faayidaalee hedduu haa qabaatuyyu malee hanqinaalee hedduus qaba. Isaanis akkuma armaan gadiitti tarreeffamaniiru.
Ogummoota hunda galeessa barattootaa iyyaafachuuf kan hojiirra oolu miti.
Battallee ykn yaalii(qormaataa) yeroo murtaa’aa ta’e keessatti kennamu caalaa yeroo dheeraa kan fudhatudha
Sadarkaa raawwii barnootaa waliin qindeessanii dhiyeessuuf rakkisaa dha
Karoorsuu, qindeessuu, qajeelcuu fi hojiitti hiikuuf yeroo dheeraa fudhata
Barattootni amala addaa iyyaafannaa raawwii beekuu ykn beekuu dhiisuu ni danda’u. kun immoo qabxii barataa irratti kallattiidhaan ykn al-kallattiin miidhuu danda’a.
Koorsota barnootaa bal’ina qabaniif qabatamaan hojiirra oolchuun rakkisaa ta’uu danda’a
Gosa barnootaa adda addaatiif kaayyoolee barnootaa murtaawaa ta’an qindeessuun fooyyessuun rakkisaa dha.
2.1.5 Amaloota Iyyaafannaa Raawwii (Characteristics of Authentic Assessment)

Barannoon haala qabatamaa jireenyaa fi yeroo waliin akka wal-qabatu taasisa
Barattootni hojiilee irraa eegaman akka beekanii fi hojjetan taasisa
Gochaaleen iyyaafataman guyyoota, torbaanii fi ji’ootaan qoodamanii akka gaggeeffaman taasisa.
Barattootni barnoota baratan muuxannoo duraan qaban waliin wal-bira qabanii akka madaalanii fi hubannoo isaanii gabbifatan taasisa.
Aadaa waliin (gareen) hojjechuu barattootaa gabbisa 
Barattootni ilaalcha qaban akka calaqqisiisan carraa kenna.
Qabiyyee gosa barnootaa adda addaa akka wal-hidhatan gochuudhan hubannoon barattootaa gara hundaan akka dagaagu taasisa.
Barnoota qabatamaa taasisa
Bu’aan barnootaa rakkoolee hiikuu keessatti, murnoota adda addaatiin akka mul’atu godha. 
Duub-deebii kenna

2.2. Meeshaalee Iyyaafannaa Raawwii (Tools of Authentic Assessment)
Meeshaaleen iyyaafannaa raawwii gaggeessuuf nu gargaaran hedduutu jiru. Isaanis, kanneen akka daawwannaa, hojii garee, pirojektii, poortifooliyoo, madaallii/iyyaafannaa dhuunfaa, yaalii, gabaasa dhiyeessu, gabaasa qorannoo barreessuu, falmii barattootaa, iyyaafannaa fi madaallii hiriyyaa fi kkf faadha. Akaakuuwwanna ykn meeshaalee iyyaafannaa raawwii armaan olitti eeraman keessaa mee kanaa gaditti gabaabsinee hojiirra oolmaa isaanii muraasa haa ilaallu.
2.2.1 Hojiirra Oolmaa Meeshaalee iyyaafannaa raawwii Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti (Application of Authentic Assessment Techniques/tools in primary schools)
Kaadhimamaa barsiisaa/tuu kutaa tokkooffaa darbe keessatti waa’ee yaad-rimee iyyaafannaa raawwii, faayidaa fi hanqinoota iyyaafannaa raawwii, galmaa fi amaloota iyyaafannaa raawwii baratteetta, amma immoo mee waa’ee meeshaalee iyyaafannaa raawwiif gargaaran ilaalla.
Xumura kutaa kanaatti, Kaadhimamaa barsiisaa/stuu:
Meeshaalee iyyaafannaa raawwiif gargaaran ni tarreessu
Faayidaa daawwannaan iyyaafannaa gaggeessuu ni tarreessu
Tartiiba hojii pirojektii gaggeessuuf gargaaran ni tarreessu
Barbaachisummaa portifooliyoo ni ibsu
2.2.1.1 Daawwannaa/Observation/
Gocha 2.3
Daawwannaan maali?
Meeshaaleen daawwannaa gaggeessuuf nu gargaaran maal fa’i?
Akaakuuwwan daawwannaa maal fa’i?
Daawwannaan mala yaad-qalbii mul’ataa ilaaluun odeeffannoo dhugaa walitti qabuuti.
Daawwannaan aqilii orgaanizimii al-kallattiin nutti himuu fi
Wantoota nam-tolchee kalaqa namaatii fi uumamaan argaman daawwachuudhaan kan baratamudha.
Akaakuu daawwannaa muraasa jiran keessaa kanneen armaan gadiiti: Isaanis Daawwannaa kallattii, daawwannaa al-kallattii, daawwannaa uumamaa, daawwannaa nam-tolchee, daawwannaa caaseffamaa fi hin caaseffamneedha. Meeshaalee daawwannaa gaggeessuu keessatti gargaaran baay’eetu jiru isaan keessaa:

Jira - Hinjirree (Cheklists)

Gocha 2.4
k/barsiisaa/tuu:
Maalummaa jira – hin jirree mee garee keesan waliin irratti mari’adha!
Jira- hin jirreen yaad-qalbii akkamii iyyaafata?
Jira – hin jirreen meeshaa amalli tokko jiraachuu isaa yookiin hin jiraanne isaa ykn gochi tokko uumamuu isaa ykn uumamuu dhabuu isaa safaruuf kan gargaarudha. Fakkeenyaaf, murtee eeyyee ykn lakki jedhu kennuu dha. Meeshaan kun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa yookiin sadarkaa gadii keessatti irra caalaa hojiirra kan ooludha. Kunis iyyaafannan ykn madaallii barnootaa daawwannaan gaggeeffamutti dha. Caalaatti hubachuuf fakkeenya armaan gadii gabatee keessa jiru ilaalaa.
T.L Hima Eeyyee Lakki
1 Bara kam akka dhalatte himuu ni danda’a
2 Hiika iyyaafannaa raawwii himuu ni danda’a
3 Dhukkuboota vaayirasiin daddarban himuu ni danda’a

Hanga Jiraannaa /Rating Scale

Gocha 2.5
Hanga jiraannaa jechuun maal jechuu dha?
Hangi jiraannaa akaakuu meeqa qaba?
Hanga jiraannaa jechuun maal jechuu dha?: hangi jiraannaa tooftaa haangessaan lakkoofsa wanta haangessametti gatii kennuuf akka safartuutti gargaaramu ta’ee amala waan haangessame sanaa agarsiisu jechuu dha.

Hangi jiraannaa bakkawwan gurguddaa sadiitti qoodama. Isaanis:
Hanga jiraannaa lakkoofsaa (Rating Scale)
Gosoota hanga jiraannaa jiran keessaa isa baay’ee salphaa.
Hangeessaan sadarkaa jiraachuu amala tokko lakkoofsatti maruun agarsiisa.
Hangeessaan raawwii tokko rog-tarreen akka madaalu taasisa.
Fakkeenya: Barsiisaa Tolasaan hojii garee barattoota isaaniif yeroo hunda kennanii shaakalsiisu, garee keessattis barattootni hundi akka qooda fudhatan itti himu. Haaluma kanaan marii mari’atame keessatti sadarkaa hirmaannaa barattuu Caaltuu baruu barbaadan. Me lakkoofsa kenname keessaa sadarkaa hirmaannaa Caaltuu tokkotti maruun agarsiisi. Gatiin lakkoofsa kennamaniis akkuma armaan gadiitti ta’a. 5 = Baay’ee olaanaa, 4 = Giddugaleessaan ol, 3 = Giddugaleessa, 2 = Giddugaleessaan gadi, 1 = Quubsaa miti.
Hojii garee keessatti hirmaannaan Caaltuu hanagami?
1 2 3 4 5
Yaadawwan Caaltuun kaaste qabiyyee ykn mataduricha waliin wal-simaa
1 2 3 4 5
Hanga Jiraannaa Taatoo (Graphic Rating Scale)
Hanga jiraannaa taatoo keessatti amaloonni tokko tokkoon isaanii sarara diriiraa hordofanii taa’u. Hanga jiraannaan yaada-qalbichaa sararicha irratti mallattoo ta’e tokko gochuun agarsiisama.
Fakkeenya: Caaltuun barnoota ishee qo’achuu irratti yeroo ishee hangam dabarsiti?

Gonkuma Darbee darbee yeroo baay’ee yeroo hunda
Hanga Jiraannaa Taatoo Addeessaa(Descriptive Graphic Rating Scale)
Gosti hanga jiraannaa kun barataa fi barsiisaaf akaakuu yaad-qalbii kan sadarkaa fooyya’insa adda addaa bu’aawwan barachuu bira gahuuf bakka bu’u ifa godha. Akkasumas:
Qabxii hanga jiraannaa taatoo irraa adddaan baasuuf gaalee addeessaatti gargaarama
Addeessonni hanga sadarkaa gochichaa ibsu
Baruu barsiisuu keessatti yeroo hedduu itti gargaaramna
Fakkeenyaaf: Yaadawwan Caaltuun kaaste mata-duree marichaa waliin hammam wal-qabata?

Matadurichaan ala irra caalaa matadurichaan guutummaatt Matadurichaan
walqabata wal-qabata

Galmee Yaada-Qalbii  

Adeemsa baru – barsiisuu keessatti barsiisonni barattoota isaanii ni daawwatu.Daawwannaan guyyaa guyyaan raawwatamu kun yaad -qalbii fi sansakka barattoota ilaalchisee odeeffannoo gahaa akka argatan taasisa.
Gocha 2.6
Yaad – qalbiiwwan galmee yaad – qalbii irratti galma’uu danda’an shan tarreessi.
Galmeen yaad – qalbii gahumsa qabu galee akkamiiti?

Yaad – qalbiwwan hunda galmee yaad – qalbiirratti galmeessuu fi gabaasuun rakkisaadha. Kanaafuu, yaad – qalbiiwwan galmee yaad- qalbiirratti galma’uu qaban:
Yaad – qalbii malleen biraatiin iyyaafatamuu hin dandeenye
daawwannaa gad – fagenyaan gaggeeffamuu fi kan barattoota gargaarsa addaa barbaadanii ta’u qaba.
Galmee yaad – qalbii gahumsa qabutti gargaaramuuf qabxiiwwan irratti xiyyeeffachuun barbaachisan:
Daawwannichi dhimma maalirratti akka xiyyeeffatu dursanii murteessuu
yaad – qalbii tokkoof daawwannaa gahaa gochuu fi galmee gahaa qabaachuun bu’aa hiika qabu irra gahuu
tokko tokkoo yaad -qalbiiwwan galma’aniif ibsa ifaa fi gabaabaa ta’ee kennuu
yaad – qalbii galmaa’eef ibsa sirrii, hiikaa fi yaada kennuun addaan baasanii kaa’uu
Yaad – qalbii gaariis ta’e gadhee galmeessuu
Yerooma gochichi raawwatame galmee yaad – qalbii raawwachuu
Yaad -qalbii barataa tokkoo irratti gara yaada kennuu osoo hin deemiin dura ragaa gahaa ta’e daawwannaan walitti qabuu

2.2.1.2 Hojii garee fi Iyyaafannaa Isaa
Hojii Garee

Gocha 2.7
Hojii gareen maali?
Hijii gareetti akkamitti gargaaramna?
Ciminnii fi hanqinaaleen hojii garee maal fa’i?
Hojii garee jechuun adeemsa barattootni wal-ta’insaan ykn bakka tokkotti walitti dhufanii yaada wal-jijjiirani dha. Tooftaan kun daree keessatti sirriitti karoorfamee fi qindaa’ee itti fayyadamame mala baruu barsiisuuf gaarii akka ta’e hayyoonni barumsaa adda addaa ni addeessu. Karaa biraa, hojiin garee mala itti barattootni carraalee yaad-qalbiiwwan ogummaa rakkina hiikuu, ofiin of qajeelchuu fi gareen yaada wal-jijjiirrachuu horatanidha.
Dhimmoota Hojii Garee Iyyaafachuu Waliin Wal-qabatan
Barattoota hundaaf qabxii wal-fakkaatu kennuun jalqabsiisuu
Tokkoon tokkoo barataa waan hjjete/gumaache beekuuf gumaacha isaa gaafachuu fi hordofu
Qabxii walii galaa koorsichi qabu keessaa hagamtu /qabiyyee kamtu akka dalagamu murteessuu
Miseensi garee akka harcaatii hin godhanne yookiin miseensa garee biraatti akka hin dhiisne hordofuu
Barattoota haalota hin barbaachifneen hojjechuu hin barbaadneef carraa biraa kennuu fi shaakalsiisuu

Qajeelfamoota Dimshaashaa Hojii Garee Gaggeessuuf Gargaaran
Qindeessaan hojii garee sanaa haala ifa ta’een faayidaa fi dhimma hojichaa galmaan geessisuuf beeksisuu
Sororsuun bu’aa qabeessummaa hojii garee kan jajjabeessu fi onnachiisu ta’uu isaa beeksisuu
Abbalticha hojjechuuf wantoota barbaachisan hund tarreessuu. Fakkeenyaaf, gochaa hojjettamu, bu’uura miseensummaa gareef, seerota hojii garee, ulaagaalee iyyaafannaa, faayidaa gumaacha barataa dhuunfaa, duub-deebii fi kkf fa’i.
Wantoota barbaachisoo dabalataan ifa gochuu (workishoppi fi tuutooriyaalii qopheessuu)
Ogummaa hojii garee keessatti barattootaaf shaakala adda addaa kennuu
Cimina Hojii Garee
Barattootni gad-fageenyaan akka yaadan godha
Barattootni dandeettii waliin hojjechuu fi yaada qindeeffachuu akka dagaagfatan godha
Hariiroo hawaasummaa barattootaa cimsa
Carraa qoodinsa hoggansaa argachuu barataa cimsa
Of irratti hirkachuu barattootaa cimsa
Itti gaafatamummaa barsiisuu fi barachuu barsiisaarraa gara barattootaatti dabarsa
Barattootni carraa hubannoo mataa isaanii qeequu fi duub-deebii hiriyyaa irraa argachuu, waa’ee barachuu isaanii gad-fageenyaan dandeettii yaaduu cimsuu fi barachuu fuulduraa keessatti ulaagaalee hojii isaanii madaaluuf gargaaru murteessuuf isaan dandeessisa.
Hanqina Hojii Garee
Barattoota muraasaan dhuunfatamuu danda’a
Miseensa garee jibbuu ykn adda of baasuu
Hojii garee haala gaariin karoorsuu dhiisuu
Barataaf gochaalee yookiin ulaagaalee sirrii ta’uu dhabuu
Miseensi garee garmalee yoo baay’ate wa-hubachuu dhabuu

2.2.1.3 Hojii Piroojektii Iyyaafachuu (Assessing Project Work)
Gocha 2.8
Hojiin pirojektii maali?
Tarkaanfileen hojii pirojektii gaggeessuuf gargaaran maal fa’i?
Ciminnii fi hanqinni hojii pirojektii maal fa’i?
Jechi ‘project’ jedhu jecha Laatinii ‘projectum’ jedhu irraa ti kan dhufe. Kana jechuun “wanti tokko dura wanta tokkoo kan dhufu” jechuudha (before an action). Karaa biraa piroojektii jechuun gochaa barattootni dhuunfaadhaan yookiin gareedhaan ta’uun dareetiin alatti hojjetanidha. Kana jechuun barattootni dhuunfaadhaan yookiin gareedhaan ta’uun mataduree kennameef sana irratti xiinxala gadifageenyaa gaggeessuun gabaasa raawwii isaa barreeffamaan yookiin afaaniin kan dhiyeesssanidha.
Iyyaafannaa hojii pirojektii gaggeessuuf tarkaanfilee ja’a (6) tu jira. Isaanis:
Kaayyoolee fi galmawwan pirojektichaa ifa gochuu
Gara galmaatti deemaa jiraachuu safaruuf tarsimoowwan qopheessuu. Fakkeenyaaf, galmawwan bifa bu’aawwan safaramuu danda’amuun kaa’amuun fi bu’aawwan haala yeroo gabaabaa fi dheeraatiin yaaduu.
Madda ragaawwanii fi malleen qabatamaa ragaa walitti qabuuf gargaaran addaan baasuu(toofataaalee bu’aa qabeessa ta’an kamiyyu fayyadamuu)
Raga walitti qabame qaaccessuu
Bu’aawwan yookiin argannoowwan gabaasuu
Argannoowwaan ijoo hojiirra oolchuu fknf, koorsii fooyyessuun alatti argannoo pirojektichaa (hawwii fi mul’ata muummee dagaagsuu fi ispoonsarii fuulduraa cimsuuf)
Cimina Hojii Piroojektii
Barumsaa fi naannoo wal-qabsiisa
Miira gareen hojjechuu barattootaa dandeettiin isaanii caalaatti akka dagaagu taasisa.
Dandeettii sochii qaama sammuu, ilaalchaa fi yaad-sammuu dagaagsa
Hariiroo hawaasummaa cimsa
Barattoota gidduutti sona fi safuun hawaasummaa akka dagaagu taasisa
Hanqina hojii piroojektii
Leecalloo guddaa gaafata (human namaa, yeroo fi qarshii)
Raawwii piroojektichaa iyyaafachuun ulfaataa dha
Tooftaan kun gosa barnootaa hundaaf wal-qixa hin fayyadu/hin mijatu
Barsiisonni barattoota hordofuu fi gargaaruuf rakkisaa ta’a
Akka leecalloo guddaa gaafatutti bu’aa qabeessummaan isaa xiqqaa dha.

2.2.1.4 Hojii Portifooliyoo Iyyaafachuu (Assessing Portfolio)
Gochaa.2.9
Poortifooliyoon maali?
Poortifooliyoo qopheesuuf qabxiileen gargaaran maal fa’i?
Wantootni dhugummaa poortifooliyoo mirkaneessan maal fa’i?
Poortifooliyoon Maali?
Kuufama fi kaayyoo qabeessa dalagaalee barattootaa kanneen akka carraaqqii ykn tattaaffii barattootaa, guddinaa fi milkaa’ina sirna barnootaa tokko ykn isaa ol keessatti qaban kan mul’isu jechuu dha. Karaa biraa akka beekaan Borich (2003) hiiketti poortifooliyoon fiixaan bahinsa barattootaa karoorfamee walitti qabamee kan waan barattootni raawwatanii fi gochicha raawwachuuf tarkaanfilee hordofani walitti qabatu hammatu dha.
Iyyaafannaa Portifooliyoo gaarii qopheessuu (how to design a good portfolio Assessment)
Barattootaaf dursanii kaayyoo iyyaafannaa poortifooliyichaa beeksisuu
Barattootaaf wantoota barbaachisan dursa qopheessuu. Fknf, yeroo barbaachisu, qajeelfama ifaa, barbaachisummaa portifooliyichaa, ulaagaa iyyaafannichaa fi gaaffileen hin xumuramne yoo jiraate
Waraqaa qabxeessuu sirrii ta’e qopheessuu (structured marking sheets for assessors)
Iyyaafannaa Portifooliyoof Sirna Ijaaruu
Iyyaafannaa portifooliyoo gaggeessuuf tarkaanfilee hordofamuu qababaman torbatu jira.
Tarkanfii 1: Dhimma Portifooliyoo Murteessuu
Gulantaa daree barnootaatti, dhimmoonni portifooliyoon hojjetaman:
Haala sirridhaan barachaa jiraachuu barattootaa hordofuu
Waan barattoonni baratan maatiif gabaasuu
Waan raawwatame agarsiisuu fi qabxii koorsii kennuu

Tarkanfii 2: Amalootaa fi ogummaawwan yaad-sammuu addaan baasuu / Identifying Cognitive Skills and Dispositions/
Portifooliyoowwan, akkuma iyyaafannaa raawwii, fiixaan bahiinsa dhugaa fi hubannoo gad-fageenya qabu safaru.Portifooliyoowwan guddinaa fi dagaagina dandeettii ijaaruu fknf, tarsiimowwan yaad-sammuu, ogummaawwan adeemsaa fi yaad-sammuu ofii.
Tarkaanfii 3: Portifooliyicha Qaama Karoorsu murteessuu
Qaamonni ijoon portifooliyootti gargaaraman barsiisa, barataa fi maatii barataadha. Barattootaa fi maatiiwwan isaanii qabiyyee fi kaayyoo portifooliyichaarratti akka mari’atan affeeruun portifooliyoo karoorsuu keessatti hirmaachisuun barbaachisaadha.
Tarkanfii 4: Bu’aawwan portifooliyoo keessatti ammatamanii fi baayyina eddattoo bu’aawwan tokko tokkoo ammatamuu murtessuu
Fakkeenyaaf, abbummaa fi hariiroo portifooliyoon baru – barsiisuu wajjin qabudha
Tarkaanfii 5: Ruubirikiwwan Portifooliyoo Ijaaruu/Building the portfolio rubrics/
Odeeffannoo portifooliyoo keessatti ammataman tokko tokkoo isaaniif rubirikiwwan erga qopha’aniin booda portifooliyichaaf akka bu’aa guutuutti ulaagaleewwan qabxeessuu qopheessudha.

Tarkaanfii 6: Hangeessuwwan portifooliyoo hundaa ida’uuf adeemsa qopheessuu
Raawwilee adda addaa portifooliyichi qabaterratti barattoonni ni madaalamu.Qabxiilee kanneen haala itti ida’amanii qabxii xumuraa ta’an ykn qabiyyee tokko tokkoof qabxii “grade ” ta’an ,fi dhumaratti guutummaatti kan portifooliychaa ta’an murteessuun barbaachisaadha.
Tarkaanfii 7: Loojistikii Murteessuu /Detrminig the Logistics/
Yeroo
barattoonni fi maatiin isaanii wantoonni yeroo rawwataman guyyaa isaa beekuu qabu
Akkataatti bu’awwan kennamaniifi deebi’an murteessuu
Iddoo bu’awwan xumuraa ta’an- bakkatti bu’aawwan xumuraa kuufaman murteessuudha.
Konfiraansii xumuraa karoorsuu
Xumura waggaatti ykn walakkaa waggaatti barattootaa fi yoo danda’ame immoo warra isaanii wajjin waa’ee portifooliyoo mari’achuuf konfiraansii xumuraa gaggeessuuf karoorsuudha.
Dhugummaa Portifooliyoo Mirkaneessuu/Ensuring Validity of the Portifolio/
Portifooliyoon qophaa’e tokko sababa adda addaarran kan ka’e dhimma iyyaafachuuf qophaa’e iyyaafachuurratti gahumsa dhabuu danda’a.Qabatamtoonni dhugummaa portifooliyoo qoranis bakka bu’ummaa, ruubirikii fi wal fakkeenyummaadha.
Bakka bu’ummaa /Representativeness/
Bakka bu’ummaa portifooliyoo mirkaneessuuf karaan gaarii ta’e jalqabarratti waa’ee ogummaawwan barachuu, yaad-sammuu fi yaad-qalbiiwwan iyyaafatamuu barbaadamanii,fi bu’awwan ibsuun barbaadaman ifa gochuudha.
ii) Ruubiriksii /Rubrics/
Ulaagaalee ifaa kan raawwii wal-xaxaa madaaluu danda’u qopheessuun barbaachisaadha.

iii) Wal-fakkeenya /Relevance/
Portifooliyoon dandeetti barataa iyyaafatamuuf yaadame qofa walitti qabuu qaba.Fakkeenyaaf, portifooliyoon ji’ogiraafii kutaa shanii waa’ee kaartaa hojjechuu irratti xiyyeeffatu tokko ogummaa sochii gooree kan barataa kutaa ja’aa gaafachuu hin qabu.
Cimina Poortifooliyoo
Gosa gaaffii yaalii deebii murtaa’aa qabu caalaa ragaa barataa walitti qabee kaa’uuf filatama
Barsiisotatti, maatii barattootaa fi barattootatti waan barattootni beekanii fi hojjechuu danda’an yaaliiwwan waraqaa fi iyyaafannaa biroo caalaa agarsiisuu kan danda’udha.
Barattoota keessatti miira ofiin of madaaluu fi of ibsuu dagaagsa
Dandeettii yaaduu fi rakkoo furuu barattootaa cimsa
Hanqin Poortifooliyoo
Karoorsuunii fi walitti qabuun isaa rakkisaa dha
Yeroo dheeraa fudhata.
Amansiisummaa poortifooliyoo madaaluu fi loogii hambisuun rakkisaa dha
Portifooliyoon qajeelfama ifaa fi kallattii kan agarsiisu hin qabu taanaan bu’aa-qabeessummaan isaa xiqqaa
Yeroo baay’ee walirraa garagalchuun ni baay’ata

YAADA CUUNFAA
Iyyaafannaa raawwii jechuun yaad-qalbii barataa tokko kallattiidhaan gad-fageessee kan safaru jechuudha dha
Meeshaaleen iyyaafannaa raawwii gaggeessuuf nu gargaaran hedduutu jiru. Isaanis, kanneen akka daawwannaa, hojii garee, pirojektii, poortifooliyoo, madaallii/iyyaafannaa dhuunfaa, yaalii, gabaasa dhiyeessu, gabaasa qorannoo barreessuu, falmii barattootaa, iyyaafannaa fi madaallii hiriyyaa fi kkf faadha.
Daawwannaan mala yaad-qalbii mul’ataa ilaaluun odeeffannoo dhugaa walitti qabuuti
Hojiin garee mala itti barattootni carraalee yaad-qalbiiwwan ogummaa rakkina hiikuu, ofiin of qajeelchuu fi gareen yaada wal-jijjiirrachuu horatanidha.
Piroojektii jechuun gochaa barattootni dhuunfaadhaan yookiin gareedhaan ta’uun dareetiin alatti hojjetanidha.
Poortifooliyoon barreeffama, seenaa namaa, calaqqee, tattaaffii rakkina furuu, pirojeektii dheeraa, yaadannoo guyyaa, ibsa akkaataa rakkina hiikuu fi furmaata rakkoo kennuu qabata.
Portifooliyoon sadarkaa barachuu fi raawwii barataa tokkoo barattootatti, maatii barattotaattii fi barsiisota birootti karaa ittiin beeksifamudha.
Portifooliyoon barattoonni waan baratan keessaa waan hojjechuu danda’aniifi hindandeenye qabatamaan iyyaafannaa agarsiisuu danda’udha

Kitaabota Wabii

Airasian,P.(1997).Classroom Assessment . 3rd ed.New York,Mc Graw Hill
Daanyee A. & Gaarummaa D (2004). Seensa Safarrii fi Madaaallii Barnootaa. Moojula barsiisota sagntaa 10+3 (hin maxxafamne)
Gronlund.,N (1965). Measurement and Evaluation in Teaching. Macimillan publishing company, New yourk
MOE (2001). Measurement and Evaluation Distance Education material (project 1700), Education media agency, A.A. (module 1 – 3)

BOQONNAA- 3
YAALII FIIXAAN BAHIINSAA DAREE/BARSIISAA/ QOPHEESSUU

Kaayyoo Boqonnaa Kanaa
Xumura boqonnaa kanaatti leenjifamtootni:-
Ulaagaalee yaaliin gahumsa qabu tokko guutuu qabu addaan nibaafatu
Akaakuuwwan yaalii adda addaa ni himu
Adeemsa yaalii qopheessuu keessatti barbaachisummaa kaayyolee barumsaa ni hubatu.
Ogummaa yaalii gosa adda addaa qopheessuu, qormaata kennuu, galmeessuu fitooftaa gabaasuu ni gonfatu.
Gaaffilee yaalii qaaccessuu nidanda’u.

    3.1.Qophii Yaalii/Test Development/
       3.1.1. Yaalii Daree Karoorsuu/Planning Classroom Test/

Gocha 3.1

  1. Yaalii daree jechuun maal jechuudha?
    2.Yaalii qopheessuu keessatti barbaachisummaan karoorsuu maal akka ta’e ibsaa!
  2. Yaalii karoorsuu keessatti wantoota raawwataman irratti mari’adhaa!

Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti karoora gaarii hojiirra ooluu danda’u qabaachuun murteessaa ta’uun isaa ifadha. Haaluma walfakkaatuun, yaalii daree ijaaruu eegaluun dura karoora yaalii qopheeffachuunis adeemsa baruu-barsiisuu galma barbaadameen gahuuf gahee guddaa qaba. Kanaafuu, qajeelfama qophii yaalii,yaalii gahumsa qabu qopheessuuf gargaaru, qabaachuun adeemsa baruu barsiisuu keessatti murtoo gahumsa qabu kennuuf waan gargaaruuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun irratti hojjechuun baay’ee barbaachisaadha.
Gaaffii yaalii tokko barreessuu eegaluun duratti akkaataa yaaliin sun itti qophaa’u ilaalchisee hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaadha. Karoorri yaalii qopheessuu gochaalee duraa duubaan raawwatamanii fi walitti hidhamiinsa qaban adda addaa of keessatti haammata. Akka (Gronlund,1998) ibsutti barsiisotni dares tahee qaamni yaalii qopheessu kamiyyuu gochaalee armaan gadii duraa-duubaan raawwachuun yaalii gaarii ta’e qopheessuuf barbaachisaadha.

       A/Kaayyoo yaalichaa addaan baafachuu

Adeemsa yaalii qopheessuu keessatti yaaliin qophaa’u tokko tajaajila maaliif akka yaadame dursinee murteessuun barbaachisaadha. Yaaliin gaggeeffamu barattoota akkaataa dandeettii isaaniitiin ramaduuf(Placement purpose), hanqina barachuu barattootaa sakatta’uuf(Diagnostic purpose), xumura barachuu irratti sadarkaa fixaanbahiinsa kaayyolee barumsaa madaaluuf(Summative purpose) fi kkf ta’uu danda’a. Kanaafuu kaayyoon yaalii keenyaa isa kam akka tahe dursinee beekuu qabna.

         B/Kaayyoo barnootaa yaalichaan safaramu addaan   
           baafachuu

Kaayyoleen barnootaa jijjiirama barattootni adeems baruu barsiisuu booda fiduu qaban kan ibsudha. Kanaafuu gaaffileen yaalii qophaa’an kaayyolee kanarratti odeeffannoo barbaadamu akka nuuf kennaniif kaayyolee kana dursinee addaan baafachuu qabna.

          C/Gosa gaaffilee/Item format/fayyadamnu murteessuu

Gaaffilee yaalii gosa gurguddoo lamatti hiiramu. Isaanis gaaffilee deebii murtaawaa ta’e qaban/Objective item format/kanneen akka dhugaa ykn sobaa, walitti firoomsuu, filannoo baay’ee fi deebii gabaabaa fi gaaffilee deebii murtaawaa ta’e hinqabne kanneen akka gaaffilee deebii ibsii/Subjective item format/dha. Akaakuun gaaffilee kun hundi naannolee irratti filatamoo ta’an qabu, kanaafuu waanta iyyaafachuu barbaadnu sanarratti odeeffannoo gahaa nuuf kennuu kan danda’u of-eeggannoon filachuu qabna.

Walumaagalatti, adeemsa gosa gaaffii fayyadamnu filachuu keessatti, qabxilee armaan gadiif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.
Kaayyoon/faayidaan/ yaalii sanaa maali?
Gaaffilee qopheessuu fi soroorsuu yeroo barbaachisu
Lakkoofsa barattoota yaalii fudhatanii
Meeshaalee yaalii sanaaf barbaachisoo ta’an
Umurii barattootaa
Ogummaa gaaffilee gosa adda addaa qopheessuurratti qabnu

         D/Qabiyyee yaalichaan haammatamu addaan baafachuu

Gaaffilee yaalii qabiyyee hunda keessaa qopheessuun waan hindanda’amneef qabiyyeewwan ijoo irratti xiyyeeffatamuu qabu dursinee beekuu qabna.

         E/Baxxee addaan baafannoo gaaffii/Wixinee yaalii/Table    
           of specification/Test blue print/

Baxxeen addaan baafannoo gaaffii/wixinee yaalii/ taatoo kar-lamee/two way grid/chart/ kaayyolee fi qabiyyeewwan ijoo gaaffileen yaalii irratti qophaa’an kan ofkeessatti qabatudha.

Gabatee.1. Fakkeenya baxxee addaan baafannoo gaaffii
Contents Beekumsa Hubannoo Hojiirra oolchuu Qaaccessuu Wal-simsiisuu Madaallii Ida’ama
Hiika jechootaa 3 2 1 6
Gahee madaalliin barachuu keessatti qabu 2 6 3 2 1 14
Qoodama kaayyolee barumsaa 2 5 3 1 1 12
Baxxee addaanbaafannoo gaaffii 1 1 1 3
Ida’ama 8 14 8 3 1 1 35

Gabatee.2. Baay’ina gaaffilee qabiyyee adda addaa keessaa qophaa’an murteessuu

     Qabiyyee    Baay’ina wayitii barsiifame Baay’ina gaaffilee(wayitii barnootaa bu’uura godhachuun Baay’ina gaaffilee(%)n  Baay’ina gaaffilee murteessuu

(Baay’ina wayitt X Baay’ina gaaffilee)
÷ Baay’ina wayitii waliigalaa
1.Lakk.raashinaalii 32 30 100%
1.1.Yaad-rimee lakkoofsa
raashinaalii 9 8 27 9 x30 =8.45=8
32
1.2.Tartiiba lakkoofsa
raashinaalii 7 7 23 7 x30 =6.56=7
32
1.3.Lakkoofsaa
raashinaalii shallaguu
1.3.1.Lakkoofsa
raashinaalii ida’uu 4 4 1 4 x30 = 4
32
1.3.2.Lakkoofsa raashinaalii hir’isuu 3 3 10 3 x30 =3
32
1.3.3.Lakkoofsa raashinaalii bay’isuu 6 5 17 6 x30 =5
32
1.3.4.Lakk. raashinaalii hiir’uu 3 3 10 3 x30 =3
32

Source- Classroom Assessment Manual for Primary and Seconadary School
Teachers(2014). National Educational Assessment and Examination
Agency. Unpublished, Addis Ababa.
3.1.2 Gaaffilee Yaalii Qopheessuu Keessatti Qabxilee Hordofamuu Qabanii fi Gahumsa Barsiisotni Qabaachuu Qaban.
Gocha 3.2

  1. Qabxiilee adeemsa gaaffilee yaalii qopheessuu keessatti hordofamuu qaban tarreessuun irratti mari’adhaa.
  2. Gaaffilee yaalii qopheessuu keessatti gahumsa barsiisotni gonfachuu qaban ibsaa.

Adeemsi gaaffilee yaalii gaarii ta’an qopheessuu hojii akka salphaatti ilaalamu miti. Kanaafuu qophiin gaaffilee kun ogummaa fi gahumsa nama gaaffilee qopheessuu kan barbaadanidha. Walumaagalatti, gaaffilee yaalii qopheessuu keessatti, qabxileen armaan gadii xiyyeeffannoo argachuu qabu.
Kaayyolee iyyaafatamanii fi gaaffilee qormaataa wal-simsiisuu
Waantota barattootni deebii sirrii akka hin arganneef gufuu ta’uu danda’an dhabamsiisuu.
Qabiyyeewwanii fi kaayyolee hunda irratti gaaffilee qopheessuun rakkisaa waan ta’uuf, kanneen ijoo ta’an irratti xiyyeeffachuu.
Waantota barattootni deebii sirrii tilmaamaan akka argataniif karaa banuu danda’an dhabamsiisuu.

Itti dabaluunis, qophii gaaffilee yaalii keessatti, barsiisotni hubannoo armaan gadii qabaachuu qabu:-
Gosa barnootaa barsiisan irratti hubannoo gad fageenyaa qabaachuu
Maalummaa barattoota yaaliin sun qophaa’uufii haalaan beekuu
Dandeettii afaanii yaada karaa ifa ta’ee qindeessanii dhiyeessuu isaan dandeessisu qabaachuu.
Akaakuwwan gaaffilee gosa adda addaa barreessuu irratti muuxannoo qabaachuu.
Ogummaa gaaffilee qopheessuu isaanii fooyyeffachuuf kan carraaqan ta’uu
Kennaa kalaqaa qabaachuu/be creative/Gaaffilee yaalii gaarii qopheessuun kalaqa barsiisaa kan gaafatu waan ta’eef barsiisotni kennaa kana qabaachuun gaaffilee bifa salphaa fi hawwataa ta’ee akka barreessaniif isaan gargaara.

3.1.3. Qoodama Yaalii/Classification of Tests/

Akkuma beekamu yaaliin jijjiirama yaad-qalbii barattootni kallattii adda addaan mul’isan safaruuf kan gargaarudha. Yeroo baay’ee yaaliin gaaffilee dhugaa ykn sobaa, filannoo baay’ee, walitti firoomsuu, deebii gabaabaa fi ibsi akka ta’e qofaatti ilaalama. Haata’u malee yaaliin kanneen heeraman kana caala bakka adda addaatti kan qoodamudha.

Walumaagalatti, ulaagaalee armaan gadii bu’uura godhachuun yaalii bakka adda addaatti qooduun ilaaluun ni danda’am.
Gosa gaaffilee fayyadamnu/kind of item/
Tooftaa qabxeessuu/Nature of item scoring/
Sadarkaa waalat’iinsaa/Degree of standardization/
Haala kenniinsa yaalii/Administrative condition of the test/
Xiyyeeffannoo tooftaa deebiin itti kennamu/Language emphasis of the responses/
Haala ariitii gaaffileen itti hojjetamanii/Emphasis on time to respond to items/
Tooftaa qabxii barattootni galmeessaniif hiikni itti kennamu/Score referencing scheme/
Yaad-qabii safaramu/the attribute or behavior being measured/

Ulaagaalee armaan olii bu’uura godhachuu qoodama yaalii beekamoo armaan gadii gabaabinaan haa ilaallu.
1.Gosa gaaffilee fayyadamnu bu’uura godhachuun
Yaalii gaggeeffamu keessatti gosa gaaffilee akkamii fayyadamna yaada jedhu bu’uura godhachuu yaalii bakka gorguddaa lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:-
Gaaffilee filannoo kennaman keessaa filachuun deebifaman/Selection type items/Fkn. Dhugaa/soba, Filannoo baay’ee fi walitti firoomsuu
Gaaffii deebii barreessuu/Supply type items/ Fkn deebii gabaabaa, bakka duwwaa guutuu fi ibsii(gosa lamaanuu).

  1. Tooftaa qabxeessuu bu’uura godhachuun

Gaaffilee dhiyaataniif deebii barattootni kennan haala kenniinsa qabxii maali fakkaata yaada jedhu bu’uura godhachuun yaaliin bakka lamatti qoodama. Isaanis:-
Yaalii deebii murtaawaa/Objective test/:-Namni kamiyyuu yoo qabxeesse qabxii walfakkaataa argachuun kan danda’amu
Yaalii deebii murtaawaa hintaane/Subjective tests/:-Namootni adda addaa deebii walfakkaatuuf qabxii adda addaa kennuu kan danda’an, akkasumas namni tokkollee yeroo adda addaatti qabxii adda addaa kennuu kan danda’u.

           3. Sadarkaa Waalta’iinsaa/Degree of Standerdization/

Waalteffamaa jechuun yaaliin tokkoo qajeelfama walfakkaatu hordofuunyeroo walfakkaatutti bakka adda addaatti hojiirraa ooluu bifa danda’uun kan qophaa’e jechuudha. Haala kanaan yaaliin bakka lamatti hiirama.Isaanis:-
Yaalii waalteffamaa/Standerdized tests/
Yaalii hinwaalteffamne/Nonstanderdized tests/ jedhamu.

            4. Haala Kenniinsa Yaalii/Administrative condition of   
             tests/

Yaaliin bifa nama tokkoof kennamuu hanga nama heedduuf kennamuu danda’uutti gaggeeffamuu danda’a. Haala kanaan yaaliin bakka lamatti qoodama:-
Yaalii dhuunfaa/Individual test/:-Sadarkaa nama dhuunfaatti hojiirra kan ooludha.
Yaalii garee/Group test/:-namootni heedduu yeroo walfakkaatutti bifa hojiirra ooluu danda’uun kangaggeeffamudha.

          5. Xiyyeeffannoo tooftaa deebiin itti kennamuu
             /Language emphasis of the responses/

Gaaffilee dhiyaataniif haala deebiin itti kennamu bu’uura godhachuun yaaliin bakka sadiitti qoodama. Isaanis:-
Yaalii afaanii /verbal test/
Yaalii miti afaanii /Nonverbal test/
Yaalii raawwii/Performance test/

      6. Haala ariitii gaaffileen itti hojjetamanii/Emphasis on time to respond to items/

Ariitii deebiin gaaffilee dhiyaataniif ittiin kennamu bu’uura godhachuun yaaliin kan ariitii(speed test) fi suutee/qabiyyee/(power test) jedhamuun bakka lamatti hiiramu. Yaalii ariitii keessatti barattootni gaaffilee dhiyaatan amma danda’ametti yeroo baay’ee gabaabaa tahe keessatti akka xumuraniif kan irraa eegamu yoo ta’u, yaaliin gaaffilee qabiyyee immoo kan xiyyeeffatu ariitii gaaffilleen ittiin hojjetaman osoo hinta’iin qabiyyee deebilee sanaa irrattidha.

    7.Haala firii/qabxii barattootni galmeessisaniif hiikni itti    
      kennamu/Score-referencing scheme/.

Qabxii/firii barattootni yaalii tahe tokko irratti galmeessisan hiikni bifa kamiin kennama yaad-rimee jedhu bu’uura godhachuun yaaliin ammas bakka lamatti qoodama. Isaanis
Yaalii qabxii wal-bira qabuu/Norm-referenced test/:-Qabxii barataan tokko galmeessise kan barattoota biro garee sana keessaan wal-bira qabuun hiika kennuu. Inni kun sadarkaa hubannoo barataan sun waanta barate irratti argate hin ibsu.
Yaalii ulaagaa bira qabuu/Criterion referenced test/:- Inni kun immoo qabxii barataan tokko galmeessise ulaagaa dursee lafa taa’e waliin dorgomsiisuun hiika kan kennudha.

         8. Yaad-qalbii safaramu bu’uura godhachuun/The attributes being measured/

Yaaliin gaggeeffamu waanta akkamii safara yaada jedhu irratti hundaa’auun ammas yaalii bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:-
Yaalii yaad-sammuu/Cognitive tests/:-Kuni yaalii fixaanbahiinsaafaa of keessatti kan qabatudha. Yaaliin kun sadarkaa cimina sammuu, dandeettii sababeessuu, fixaan bahiinsa barachuu fi kkfn iyyaafachuuf yaalii gaggeeffamudha.
Yaalii miti yaad-sammuu/Non-cognitive tests/ Gosti yaalii kun immoo waa’ee sansaka, fedhii, ilaalchaa fi ejjennoo namootaa sakatta’uuf kan gaggeeffamudha.

3.1.4.Gaaffilee Yaalii Qopheessuu Keessatti Gahee Kaayyolee Barumsaa

Gocha 3.3

  1. Hariiroo gaaffileen yaalii kaayyoolee barumsaa wajjin qabaachuu qabu ibsi.
  2. Sadarkaalee murnoota sadan kaayyoo barumsaa koorsii TECS-112 keessatti barattanii turtan ibsi.
  3. Yaad-rimeewwan armaan gadiif ibsa kenni
    a) Galma barumsaa
    b) Kaayyoo gooroo
    c) Kaayyoo gooree
    Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti iyyaafannaan kan gaggeeffamu kaayyoleen barnootaa/jijjiiramani yaad-qalbi barattootni akka dhugoomsaniif irraa eegamu/ milkaa’uu fi dhabuu isaa beekuufidha. Akkuma beekamu yaaliinis meeshaalee iyyaafannaa keessaa tokko waan ta’eef gaaffileen yaalii tokko keessatti haammataman kallattiin kaayyolee barnootaa barsiifaman waliin wal qabachuu qabu.

Kanaafuu caasaalee jiran bu’uura godhachuun adeemsa yaalii qopheessuu /iyyaafannaa gaggeessuu/keessatti fiixaan bahiinsa barattootni sadarkaa kaayyoo goree irraa eegale hanga galmatti mul’isuu danda’an ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha.

                       Galma Barnootaa

Galmi barnootaa kallattii dimshaashaa kan jecha dimshaashaatiin kan barreeffamu ta’ee kallattii dimshaashaa adeemsi hojii tokko hordofuu qabu kan agarsiisudha. Bu’aa dhuma imaammataa ykn sagantaa dimshaashaa tokko yeroo barreessinu sadarkaa galmaatiin barreessina. Galma barreessuu keessattis jechoota yaada dimshaashaa dabarsan kan fayyadamnu ta’a. Galmi tokko kaayyolee heedduu of keessatti haammata.

                         Kaayyoo

Kaayyoonis akkuma galmaa bu’aa hojii tokkoo kan agarsiisu ta’ee akka galmaa garuu yaada dimshaashaa kan agarsiisuu miti. Kana jechuun bu’aan kaayyoodhaan agarsiifamu kan galmaan agarsiifamu caalaa bifa godhatee kan barreeffamudha. Galma barbaadame bira erga gahamee booda jijjiirami kallattiin akka mul’atu barbaadame maal akka ta’e kan agarsiisu kaayyoodha. Kaayyoon sadarkaa yaada dimshaashummaa dabarsan irratti hundaa’uun bakka lamatti qoodamu. Isaanis kaayyoo gooroo fi kaayyoo gooreedha.

                          Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo bu’aa adeemsa hojii tokkoo giddu galeessummaan dimshaashessuun kan agarsiisu ta’ee kayyolee gooree heedduu kan of keessatti qabatudha. Kaayyoon gooroo sadarkaa sirna barnootaatii hanga karoora boqonnaatti barreeffamuu danda’a.
Fkn:- beekuu, hubachuu, diinqisiifachuu fi kkf

                        Kaayyoo Gooree

Kaayyoon gooree jijjiirama amalaa isa dhumaa kan agarsiisu yoo ta’u kan inni barreeffamus jechoota gocha agarsiisaniin. Jechhotni kunis kan ijaan ilaalamuu fi safaramuu danda’anidha.
Fkn:-ibsuu, tarreessuu, himuu, gaaffii gaafachuu, barreessuu fi kkf

              Hirma Kaayyolee Barumsaa

Namni waanta haaraa tokko yoo karaa gurguddoon sadiin jijjiirama fiduutu irraa eegama. Jijjiiramootni kunis karaa sammuutiin, karaa ilaalchaa fi karaa dandeettii waa hojjechuudh gonfachuudha. Gosa jijjiirama sadeen kana irratti hundaa’uun kaayyoleen barumsaas toora gurguddoo sadiitti hiiramu. Isaanis, toora yaad-sammuu(Cognitive domain), toora qaam-sochii (Psycho-motor domain)fi toora ilaalchaa(Affective domain)dha. Kanaafuu adeemsa yaalii qopheessuu keessatti gaaffilee qophaa’an amma danda’ametti jijjiirama barattootni kallattiiwwan sadeen kanaan mul’isan irratti odeeffannoo bifa argachuu dandeenyuun ta’uu qabu.

Toora/Murna/ Yaad-sammuu/Cognitive domain/

Namni tokko waanta haaraa tokko erga baratee booda samuun isaa ni foyyaa’a. Egaa kaayyoleen barumsaa jijjiirama sammuu barumsaan /muuxannoon argamu danda’urratti barreeffaman hundi toora kana jalatti ramadamu. Walxaxiinsa /ulfaatina dandeettii/ barumsaan booada barattootni raawwachuuf eegaman irratti hundaa’uun kaayyolee toora kana keessa jiran sadarkaa jahatti hiiramu. Sadarkaaleen kunis jijjiirama salphaa(beekumsa) gara jijjiirama murna kana keessatti isa olaanaa ta’ett(madaallii” kan deemudha.
Madaallii
Wal-simsiisuu
Qaaccessuu
Hojiirra oolchuu
Hubannoo
Beekumsa

HUB. Hubannoo asirratti qabdan cimsachuuf koorssi mala baruu-barsiisuu waliigalaa dubbisaa.

     2.Toora/Murna Qaam-sochii/Psycho-motor domain/

Toorri kun dandeettii/ogummaa waa dalaguu kan ilaallatudha. Toorri kun immoo sadarkaalee toorbatti hiirama.Sadarkaaleen kunis toora kana keessatti jijjiirama gulantaa gad’aanaa(guuttachuu) irraa gara isa ol’aanaa(uumuu) tti kan deemudha. Kanaafuu yaalii qopheessinu keessatti jijjiirama sadarkaalee kanneen kana keessatti mul’achuu qaba irratti jijjiirama barattootni fidan beekuu gaaffileen odeeffannoo nuuf kennan jiraachuu qabu. Akkuma beekamu toora kanarratti gosti yaalii nuti gargaaramnu irra caalaa yaalii raawwiidha.

       Uumuu
      Jijjiiruu

Sirriitti raawwachuu
Of danda’uun hojjechuu
Gargaarsaan hojjechuu
Qophaa’uu
Guuttachuu

HUB. Hubannoo asirratti qabdan cimsachuuf koorssi mala
baru barsiisuu waliigalaa dubbisaa.

3.Toora/Murna Ilaalchaa/Affective domain/
Toorri kun immoo jijjiirama ilaalchaa, fedhii, amalaa fi kkf ilaalchisee kaayyolee barreeffaman hunda kan haammatudha. Sadarkaa jijjiirama dhufuu qaburratti hundaa’uun toorri kunis gulantaa shanitti qoodama. Gulantaaleen kunis jijjiirama salphaa(Ofitti fudhachuu) irraa gara isa olaanaa(Amala jijjiiruu)tti deema.

   Amala jijjiiruu    
Muuxannoo qindeessuu    
           Madaaluu 
       Qooda fudhachuu  
     Ofitti fudhachuu

HUB. Hubannoo asirratti qabdan cimsachuuf koorssi mala
baru barsiisuu waliigalaa dubbisaa.

Walumaagalatti, adeemsa baruu-barsiisuu keessatti kaayyoleen barumsaa fi adeemsi iyyaafannaa harriiroo cimaa qabu. Yaaliin gaggeeffamus akka meeshaa iyyaafannaa tokkootti kaayyolee barumsaa adeemsi baruu-barsiisuu irratti gaggeeffamuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun qopheessuun barbaachisaadha. Kanaafuu gaaffilee yaalii barreessuu eegaluu keenyaan dura kaayyolee gosa addaa addaa gaaffileen yaalii irratti qophaa’uu qaban adda baafachuun murteessaadha.

3.1.5.Yaalii Fixaan bahiinsaa Daree/Barsiisaa Ijaaruu
/Constructing different types of classroom tests/

Yaaliin fixaan bahiinsaa beekumsaa fi dandeettii adda addaa barumsa dhaabbilee barnootaa keessatti kennamuun barattootni gonfatan ilaalchisee odeeffannoo kan kennudha. Haala qophii isaarratti hundaa’uun yaaliin kun bakka lamatti kan qoodamudha. Isaanis:-
Yaal fiixaan bahiinsaa waalteffamaa/ Standerdized achievement tests/
Yaalii fiixaan bahiinsaa dareeykn barsiisaa/Classroom/Teacher made tests/ kan jedhamanidha. Akaakuuwwan yaalii kana lamaan keessaa yaalii fixaan bahiinsa daree/ykn barsiisaan isa qophaa’u mee ballinaan haa ilaallu.

Yaaliin fiixaan bahiinsaa daree ykn barsiisaa kan barsiisaa barnoota dareetiin ykn barsiisota gosa barnootaa wal fakkaatu barsiisaniin qophaa’u tahee akaakuuwwan gaaffilee armaan gadii of keessatti kan qabatudha.

3.1.5.1. Akaakuuwwa Gaaffilee Yaalii Fiixaan bahiinsa Daree
/Barsiisaa/ Keessatti Haammataman.
Gocha 3.4

  1. Akaakuuwwan gaaffilee yaalii beektan tarreessuun irratti mari’adhaa.

Yaalii fiixaan bahiinsaa daree/barsiisaa/ keessatti gaaffilee haammataman bakka gurguddoo lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama.
3.1.5.1.1. Gaaffilee Deebii Murtaawaa

Gaaffileen deebii murtaawaa akaakuuwwan gaaffilee kan akka dhugaa/sobaa, filannoo baay’ee, walitti firoomsuu fi deebii gabaabaa/bakka duwwaa guutii/ of keessatti kan haammatudha.

Gaaffilee Dhugaa ykn Sobaa

Gaaffileen dhugaa ykn sobaa gosa gaaffii murtaawaa filannoo qabu tahee barattootni himni/yaadni dhiyaate dhugaa ykn soba tahuu isaa qabiyyee baratan bu’uura godhachuun kan murteessanidha. Gaaffileen kun filannoo lama qofaa qabu. Isaanis bifa dhugaa/ sobaa,dhugaa qabatamaa/yaada fi eeyyee/lakkiin deebi’uu danda’u.

Dhugaa ykn Soba ta’uu himootaa

Fkn. Adeemsi biqiltootni nyaata isanii ittiin qopheeffatan footoosinteesisii
Jedhama.

Dhugaa qabatamaa ykn yaada ta’uu himootaa

Fkn1. Biyyootni biro hundi heera kan akka biyya Amerikaa hojiirra oolchuu
Qabu.
Fkn2. Kollleejjiin Barnoota Barsiisotaa Naqamtee leenjii ogummaa barsiisummaa
qulqullina qabu kennuun beekama.

Cimina/Jabina Gaaffilee kanaan wal-qabatan
Akaakuwwan gaaffilee biro fknf gaaffilee filannoo baay’ee waliin yeroo ilaalamu qopheessuun isaanii salphaadha.
Yaalii tokkoo fi yeroo gabaabaa keessatti qabiyyee heedduu iyyaafachuuf nama gargaara. Gaaffilee dhugaa ykn sobaa sadii ykn afur yeroo gaaffilee filannoo tokko ykn lama hojjechiisu keessatti raawwachuun ni danda’ama.
Barattoota sadarkaa gad’aanaa, kanneen dandeettii dubbisuu gad’aanaa qabaniif mijataadha.
Adeemsi soroorsuu isaanii, keessumaa gaaffilee barreessii waliin yeroo ilaalamu, salphaa, saffisaa fi ilaalcha barsiisaa irraa bilisadha.

Hanqina/Laafina Gaaffilee kanaan wal qabatan

1.Sirrummaa gaaffilee addaan baafachuu rakkisuu.
Gaaffilee kana keessatti barattooni yaadni dhiyaate soba ta’uu isaa beekuu danda’u, garuu maaliif soba tahe isa jedhuuf ibsa kennuu dadhabuu danda’u.

Fkn. Adeemsi murtoo gahumsa qabu kennuuf odeeffannoo walitti qabuu fi
qindeessuu safarrii jedhama

Gaaffiin kun soba ta’uu isaa adda baafachuun soba jedhanii deebisuu danda’u, garuu yaad-rimeen inni sirrii maal akka tahe ni beeku jechuun rakkisaadha. Hubannoo isaan gaaffii dhiyaateef deebii sirrii maal akka tahe ilaalchisee qaban beekuuf, dhugaa/soba jedhanii deebisuu qofa osoo hin tahiin maaliif akka dhugaa/soba tahe akka isaan ibsan gaafachuun ni danda’ama.

Fkn. Gaaffii armaan gadii dubbisuun yoo hima sirrii tahe DHUGAA jechuun yoo hima dogongoraa tahe immoo SOBA jechuun yaad-rimee sirrii isa tahe deebii kee biratti barreessi.

Dhugaa ykn Soba_______1. Adeemsi murtoo gahumsa qabu kennuuf
odeeffannoo walitti qabuu fi qindeessuu safarrii
jedhama. (Iyyaafannaa).
2.Deebii sirrii tilmaamaan argachuuf carraan jiru ol’aanaadha
Akkuma beekamu gosti gaaffii kun filannoo lama qofaa waan qabuuf barattootni deebii sirrii osoo hinbeekiin tilmaamaan agrachuuf carraa hanga 50% qabu.

3.Dandeettiiwwan salphaa sadarkaa beekumsaa qofa iyyaafatu

Gaaffilee dhugaa ykn sobaa yeroo baay’ee kan iyyaafatan dandeettiiwwan yaad-sammuu baay’ee salphaa ta’an qofaadha. Gaaffileen kun darbee darbee dandeettiiwwan hubannoo gaafatan iyyaafachuu danda’u, garuu qopheessuuf dandeettii guddaa barbaada.

4. Dandeettii qomatti qabachuu/rote memorization/ jajjabeessu
5.Hanna barattootaaf saaxilamaadha.

Gaaffilee dhugaa ykn Sobaa qopheessuu keessatti qabxilee hordofamuu qaban.
Gaaffilee dhugaa ykn sobaa qopheessuu keessatti dhimmi ijoo xiyyeeffannoo argachuu qabu akkaataa itti gaaffileen kun bifa ifa ta’ee fi heertuu kennuu hindandeenyeen qopheessuu dandeenya isa jedhudha.
Walumaagalatti gaaffilee dhugaa ykn sobaa gahumsa qaban qopheessuuf qajeelfamoota armaan gadii hojiirra oolchun barbaachisaadha.

1.Himoota sadarkaa hubannoo barattootaa beekuu keessatti gahee guddaa
hinqabne fayyadamuu dhiisuu/Avoid trivial statements/

Gaaffileen qophaa’an dandeettiiwwan barbaadamanii fi bu’aa qaban kan iyyaafatan ta’uu qabu.
Fkn1.
Abbaan Jifaar hadha warraa issanii waggaa kudhaniin angafu.
Gaaffiin kun deebiin isaa dhugaas tahee sobe gochaalee biro BBA Jifaar bara isaanii keessatti raawwatan waliin yeroo ilaalamu kana kan jedhamu miti.

Fkn.
AWDUI caamsaa 20 Finfinnee to’ate.
Gaaffii kan keessatti yoo xiqqaate barattootni AWDIUn caamsaa 20 dura Finfinnee kan hinto’annee ta’uu isaa beekuu fi beekuu dhabuu isaanii ilaalchisee odeeffannoo barbaachisaa tahe nuuf kenna.

2.Himoota barattoota dogongorsan fayyadamuu dhiisuu/Avoid tricky
Statements.
Yeroo tokko tokko barattoota dogongorsuuf jecha jechoota keessaa ykn maqaa namootaatti qubee biro dabaluun ykn jijjiiruun gaaffilee ijaaruun ni mul’ata. Gochi kun kaayyoo yaalii/iyyaafannaa/ waliin waan hindeemneef fayyadamuu hinqabnu.

3.Himoota yaadawwan dimshaashaa dabarsan fayyadamuu dhiisuu.
Gaaffilee dhugaa sobaa ijaaruu keessatti jechoota kan akka hunda, tokkollee, kamiyyuu fi kkf fayyadamuun filatamaa miti.

4.Himoota nagativii, keessumattuu nagativii lama gaaffii tokko keessatti
fayyadamuu dhiisuu, tokkumallee yoo fayyadamne akka inni adda
bahee mul’atuuf jala muruufaa qabna
Fkn.Gachaalee mana yaalii keessatti adeemsiwwan tokkollee kan
hinbarbaachifne hin turre(gaaffii dadhabaa)
Fkn.Gochaalee mana yaalii keessatti adeemsiwwan hundi barbaachisoodha.

5.Yoo walitti dhufeenya sababaa fi bu’aa kan agarsiisu tahe male gaaffii
tokko keessatti yaada lama dhiyeessuu dhiisuu.
Gaaffii tokko keessatti yaada lama, gar-tokkoon isaa dhugaa, gar tokkoon isaa immoo soba kan tahe barreessuu hinqabnu.
Fkn.Gaangeen hindhaltu sababni isaa qaama wal-hormaataa waan hinqabneef

6.Gaaffilee ifaa,gabaabaa fi ser-luga afaanii bifa eegeen barreessuu
7.Gaaffilee kallattiin kitaaba irraa garagalchuu dhiisuu
8.Deebileen gaaffilee bifa tilmaamamuu qabuun taa’uu hinqaban
9.Dheerinni himoota sobaa fi himoota dhugaa amma danda’ametti wal-
qixxa ta’uu qaba
10.Baay’inni himoota dhugaa fi himoota sobaa amma danda’ametti walitti
siiquu qabu.

Gaaffilee Walitti Firoomsuu

Gaaffileen walitti firoomsuu beekumsa qabatamtoota murtaawoo iyyaafachuu irratti kan xiyyeeffatanidha. Hariiroo qabatamtoota adda addaa gidduu jiru irratti hubannoo barattootni qaban iyyaafachuufis filatamaadha. Gaaffileen kun dugda lama bitaa fi mirgaa kan qaban yoo ta’u, jechootni, lakkoofsotni ykn mallattooleen dugda harka bitaa(A) jalatti kennaman himoota ykn gaaleewwan dugda harka mirgaa(B) jalatti kennamaniin walitti firoomsuun kan hojjetamudha.

Jabina/Cimina gaaffilee walitti firoomsuu
Yaaliin firoomsuu qusataa dha. Kun immoo yeroo gabaabaa fi baasii xiqqaatiin qabiyyee heedduu iyyaafachuuf nama gargaara.
Qabiyyee wal-fakkaatu argannaan qopheessuun isaa salphaadha.
Carraa tilmaamaan deebii sirrii argachuu barattootaa gad buusa
Dandeettii dubbisuu ol’aanaa kan gaafatu miti
Adeemsi soroorsuu isaanii salphaa, saffisaa fi ilaalcha barsiisaa irraa bilisadha.
Laafina/Hanqina gaaffilee walitti firoomsuu
Firii barnootaa salphaa , kan qomatti qabachuu/rote memorization/ jajjabeessan iyyaafachuu irratti xiyyeeffata.
Qabiyyee wal-fakkaatu argachuun rakkisaadha.

Gaaffilee walitti firoomsuu qopheessuu keessatti qabxilee hordofamuu qaban
1.Qajeelfama gahaa fi ulaagaa barattootni bu’uura godhachuun walitti firoomsan, akkasummsa deebiin tokko si’a meeqa filatamuu akka inni danda’uus ibsuu.
2.Yaalii walitti firoomsuu tokko keessatti qabiyyee wal fakkaatu qofaa fayyadamuu
Fkn. Qajeelfam. Dagalee ‘A’ jalatti maqaaleen koompaawonddii adda addaa tarreeffamaniif foormulaa dagalee ‘B’ jalatti tarreeffaman keessaa filachuun walitti firoomsi.

             A                                                          B

_______1.Bishaa A/H2SO4
_______2.Ashaboo B/HCl
_______3.Amooniyaa C/NaCl
_______4.Asiidii salfarikii D/H2O
E/H2HCl
3.Baay’ina gaaffilee fi deebilee wal-qixxa gochuu dhiisuu fi deebiin tokko si’a tokko,isaa oli ykn filatamuu kan hindandeenye ta’uu isaa ibsuu. Baay’inni isaanii wal-qixxa yoo ta’ee fi deebiin tokko si’a tokko qofaa kan filatamu yoo ta’e, bakka deebiin gaaffii tokkoo wallaalametti deebii isa hafe tokko sana filachuun carraa argachuu uumuu danda’a.

  1. Lakkoofsa gaaffilee firoomsuu xiqqeessuu fi deebilee gabaaboo dugda ‘B’ jalatti tarreessuu. Gaaffilee firoomsuu gaarii tahe qopheessuuf qabiyyee wal-fakkaatu fayyadamuun barbaachisaadha. Haata’u malee qabiyyee wal-fakkaatu immoo baay’inaan argachuun rakkisaa ta’uu waan danda’uuf callisnee waanta hintaane walitti qabuu irraa lakkoofsa gaaffilee xiqqeessuun filatamaadha.
  2. Qajeelfama keessatti callisnee’walitti firoomsi’ jechuu irraa ulaagaa walitti firoomsuus ibsuu qabna.

6.Yaalii firoomsuu tokko fuula tokko qofaa irratti barreessu. Sababni isaas fuula lama irratti kan barreessinu yoo tahe barattootni waraqaa asii fi achi deebisuun yeroo gubuu fi deebileen fuula lammaffaarra kan jiran yoo tahe dagatamuu danda’u.

3.Gaaffilee Deebii Gabaabaa/ Bakka Duwwaa Guutuu
Gaaffilee deebii gabaabaa fi bakka duwwaa guutii akka waliigalaatti gaaffilee deebii murtaawaa filannoo malee jedhamanii beekamu. Garaagarummaan isaan gidduu jiru inni guddaan akkaataa itti gaaffileen kun dhiyaatan ykn barreeffamanidha. Gaaffilee deebii gabaabaa bifa gaaffii kallattiin kan dhiyaatan yoo ta’u, bakka duwwaa guutuun immoo bifa hima xumuramuu qabuun kan dhiyaatudha.
Fkn.1. Magaalaa guddoo godina Wallagga Bahaa_________________jedhamti
Fkn.2. Magaalaa guddoo godina Wallagga Bahaa eenyu jedhami?
Dandeettiiwwan Barumsaa Gaaffilee Kun Iyyaafatan
Gaaffilee kun dandeettiiwwan barumsaa adda addaa salphaa ta’an kan iyyaafatan yoo ya’u kanneen armaan gadii akka fakkeenyaatti haa ilaallu.
A/Beekumsa hiika jechootaa/Knowledge of terms/
Fkn.1. Adeemsi yaad-qalbii barattootaa lakkoofsaan ibsuu maal jedhama?
Fkn.2. Adeemsi yaad-qalbii barattootaa lakkoofsaan ibsuu_________jedhama.

  B/Beekumsa qabatamtoota murtaawoo/knowledge of specific facts

Fkn. Bishaan kan inni danfu oC_____________________dha.
C/Beekumsa seer-bu’uuraalee adda addaa/knowledge of principles/
Fkn. Bal’inni yoo dabale dhiibbaan maal ta’a?
D/ Hiika odeeffannoowwan adda addaa/interpretation of data/
Fkn. Xiyyaarri kallattii kaaba bahaan balalihu tokko digirii 180n yoo naanna’e
kallattii kam qabata?.

Jabina/Cimina gaaffilee deebii gabaabaa/bakka duwwaa guutii
Qopheessuun isaanii salphaadha. Akaakuuwwa gaaffilee biro, kan akka filannoo baay’ee waliin yeroo ilaalamu gaaffilee kana qopheessuun isaa salphaadha. Kanarra kan ka’es gaaffileen kun baay’inaan hojiirra oolu.
Carraa tilmaamaan deebii sirrii argachuu barattootaa kan hambisu ykn baay’ee kan xiqqeessudha. Gaaffilee dhiyaatan deebisuuf dirqama deebii sana yaadachuu waan gaafatuuf carraan tilmaamaan argachuu baay’ee xiqqaadha.
Qabiyyee iddatteessuu irratti amma tahe gaariidha. Gaaffileen kun qopheessuu fi barattootnis yeroo hojjetan yeroo dheeraa waan isaan hingaafanneef gaaffilee heedduu qabiyyee heedduu keessaa yeroo gabaabaa keessatti qopheessn itti fayyadamuun ni danda’ama.
Hanqina/Laafina gaaffilee deebii gabaabaa/bakka duwwaa guutuu
Gaaffileen dandeettii qoomatti qabachuu/rote memorization/ fi dandeettiiwwan yaad-sammuu salphaa ta’an qofa iyyaafatu. Gaaffileen kun herregaa fi saayinsii keessatti malee dandeettiiwwaan yaad-sammuu walxaxoo fi ciccimoo tahan iyyaafachuu hindanda’an.
Hanga gaaffilee deebii tokko qofaa maddisiisanqopheessuu hindandeenyeetti adeemsi soroorsuu isaanii rakkisaa ta’uu danda’a.
Fkn. Magaalaan Naqamtee eessatti argamtti? (gaaffii dadhabaa)
Fkn. Magaalaan Naqamtee godina kamitti argamtti?(gaaffii bayeessaa fi deebii tokko qofaa maddisiisuu danda’u).
Akaakuuwwan gaaffilee deebii murtaawoo biro hanga deebiin kennameefitti namni biro soroorssuu kan danda’u yoo ta’u gaaffileen kun garuu hanga haalaan hinbarreeffamneetti namni biro nama gargaaruu hin danda’au.
Adeemsi soroorsuu isanii yeroo fudhachuu fi guutummaan guutuutti ilaalcha barsiisaa irraa bilisa ta’uu dhiisuu danda’a.

Qajeelfamoota gaaffilee deebii gabaabaa ykn bakka duwwaa guutii barreessuu keessatti hordofamuu qaban

Gaaffile kana qopheessuunsalphaa ta’ullee of eeggannoo gahaa kennuu dhabuu irraa kan kahe rakkinoota heedduuf kan saxilamanidha. Kanaafuu hanqinoota gaaffilee kana keessatti mul’achuu danda’an xiqqeessuuf ykn hambisuuf qabxilee armaan gadiif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.

1.Gaaffilee deebii tokko qofaa fiduu danda’an barreessuu.

Gaaffilee deebii gabaabaa ykn bakka duwwaa guutuu keessatti deebileen lakkoofsaan jechaan ykn mallattoo qofaan kan deebi’an ta’uu qabu. Kanaafuu gaaffileen qophaa’an ifaa fi deebii tokko qofa bifa bueqisiisuu danda’aniin barreeffamuu qabu.

Fkn.1. Bineensi foon bineensota biro nyaatu _________dha.(gaaffii dadhabaa).
Fkn.2. Bineensi foon bineensota biro nyaatu garee maal keessatti ramadama?

2.Gaaffilee kana ijaaruuf hima kitaaba irraa akka jirutti fudhachuu dhiisuu.
Hima akka jirutti kitaaba keessaa fudhachuun gaaffii kan goonu yoo tahe gaaffiin sun hiika guutuu kan hin kenninee fi qomatti qabachuu qofa kan dagaagsu ta’uu danda’a. Kanaafuu himoota akka jirutti barreessuu irraa yaada bu’uuraa keessaa osoo hin bahiin ibsa biroon dhiyeessuun filatamaadha.
Fkn.1. Kilooriniin_________________________ dha. (dadhabaa)
Fkn.2. Kilooriniin elementoota sibiloota waliin yeroo walitti makaman ashaboo kennandha. Kanaafuu maal jedhama?

3.Gaaffilee kanaaf hima xumuramuu qabu irraa gaaffii kallattii fayyadamuutu filatamaadha. Sababni isaas gaaffileen kallattii baay’ee kan baratamee fi mamii hima biraa irraa dhufuu danda’u hambisuu waan danda’uuf.

4.Yoo deebiin lakkoofsa safarriitiin kan ibsamu tahe yunitii akkamiin
akka tahe ibsuun barbaachisaadha.
Fkn.1. Dheerinni tulluu diimtuu meeqa? (dadhabaa)
Fkn.2. Dheerinni tulluu diimtuu meetira meeqa?(bayeessa)

5.Bakki banaa deebiif dhiifamu dheerinaan wal-qixxa ta’uu qaba

  1. Bakki banaa dhiifamu gara dhuma gaaffiirratti dhiyaachuun
    filatamaadha
  2. Bakka banaa baay’ee gaaffii tokko keessatti dhiyeessuun
    Hinbarbaachisu
    8.Heertuun akka hin jiraanneef of eeggannoo gochuu 4 Gaaffilee Filannoo Baay’ee ? Gaaffileen filannoo baay’ee akaakuu gaaffii sadarkaa adda addaatti
    bal’inaan hojiirra ooludha. Kun maaliif isinitti fakkaata.

Gaaffileen filannoo baay’ee akaakuu gaaffii deebii murtaawaa haala adda addaa keessatti fayyadamuu dandeenyudha. Gaaffiin kun kaayyolee sadarkaa beekumsaa hanga kanneen baay’ee walxaxoo ta’aniitti,qaaccessuu irraa kan hafe, iyyaafachuu danda’a.

Akka Ebel fi Frisbie(1991), ibsanitti gaaffileen filannoo baay’ee akaakuu baay’ee beekamaa fi bal’inaan hojiirra oolaa jirudha. Kunis kan ta’uu danda’eef gaaffileen kun qabiyyee kamiyyuu akaakuuwwan biroon iyyaafatama iyyaafachuu kan danda’u ta’uu isaa fi gahumsa gaaffileen kun qaban irraa kan ka’edha.

Gaaffiin filannoo baay’ee kutaa lama qaba. Isaanis Jirma ykn gaaffii fi filannoolee kennamanidha. Gaaffileen kun bifa gaaffii kallattiinykn bifa hima xumuramuu qabuun dhiyaachuu danda’u. Gaaffilee kallattii qopheessuuf salphaa, baay’ee barattoota biratti kan baratamee fi waanta gaafatamuu barbaadame tokko karaa ifa ta’een dhiyeessuuf kan nama gargaarudha. Kanneen bifa hima xumuramuu qabuun barreeffamanis of eeggannoon kan qophaa’an yoo ta’e amaloota gaaffii kallattii qooddachuu danda’u.

Tokkoon tokkoon gaaffileef filannoolee kennamanis bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’am. Isaanis gaaffii dhiyaateef deebii sirri kan tahee fi hubannoo barattootaa sakatta’uuf filannoolee dhiyaatan ykn karaballeessitoota(distracters,decoys or foils) kan jedhamanidha. Kaayyoon karaballeessitoota kanas inni guddaan barattoota hubannoo gahaa hinqabne dogongorsuudha.
Fkn. Magaalaan guddittii Itiyoophiyaa eenyu jedhamti?(gaaffii ykn jirma).
A/Finfinnee
B/Naa’iroobii
C/Kaartum
D/Moqaadishoo
Filannoolee kennaman keessaa ‘A’ deebii sirrii yoo ta’u kanneen hafan(B,C fi D) immoo karaballeessitoota jedhamu. Akka waliigalaatti immoo(A,B,CfiD) filannoolee(alternatives, choices or options) jedhamu.

          Akaakuuwwan Gaaffilee Filannoo Baay’ee

Gaaffilee filannoo baay’ee gosa filannoolee dhiyaatan bu’uura godhachuun bakka lamatti qoodamu. Isaanis:-

I.Gaaffilee deebii sirrii(Correct answer type)
Gaaffilee deebii sirrii keessatti gaaffii dhiyaate tokkoof deebii ta’uu kan danda’u filannoo tokko qofaadha. Kanneen hafan gaaffii sana waliin hariiroo qabaachuu dhiisuu danda’u. Gaaffilee kunis yeroo baay’ee kan iyyaafatan gaaffilee ‘eeny’, ‘yoom’, ‘maal’, eessatti’ fi kkfniin gaafatamanidha.

Fkn. Kanneen armaan gadii keessaa pilaaneetiin guddaa isa kami?
A/Lafa
B/Maarsii
C/Juupiterii
D/Puluuttoo
Gaaffii kana keessatti deebii ta’uu kan danda’u filannoo ‘C’ ykn Juuppiterii isa jedhu qofaadha. Kanneen hafa tasuma ta’uu hindanda’an.

II.Gaaffilee deebii irra sirrii/Best answer type/
Gaaffii deebii irra sirrii keessatti gaaffii dhiyaateef filannooleen kennaman hund sadarkaa adda addaan carraa deebii ta’uu ni qabaatu, garuu filannoon tokko immoo kanneen biro caalaa deebii ta’a. Gaaffileen kun yeroo baay’ee jechoota kan akka ‘maaliif’, ‘akkamitti’ fi kkf of keessatti qabata.

Fkn.Gareewwan armaan gadii keessa tokko dagaagina wayitii daa’immummaa
keessatti dhiibbaa guddaa kan geessisudha.
A/Hiriyyaa
B/Maatii
C/Ollaa
D/Barsiisaa
Gaaffii armaan olitti dhiyaate kanaaf filannooleen hundi dagaagina daa’immanii irratti gareewwan dhiibbaa geessisuu danda’an kan qabatedha. Gareewwan kana keessaa garuu maatiin hunda caalaa dhiibbaa ni qabaatu.

  Dandeettiiwwan Gaaffilee Filannoo baay’ee Iyyaafatan

Gaaffileen filannoo baay’ee dandeettiiwwan sadarkaa salphaa hanga cimootti jiranii fi qabiyyeewwan gosa adda addaa iyyaafachuuf mijataa ta’edha. Walumaagalatti, gaaffileen kun kan iyyaafatan:-

 1.Sadarkaa Beekumsaatti

A/Beekumsa hiika jechootaa
Fkn. Maappii qilleennssaa irratti sararootni bakkeelee ho’a wal-fakkaataa ta’e
qaban walitti fidan maal jedhamu?
A/ Ayisooyetii B/ Ayisootermii C/ Ayisoobaarii D/ Meesootermii
B/Beekumsa qabatamtoota murtaawoo
Gaaffilee filannoo baay’ee beekumsa dhugaawwan qabatamoo adda addaa illee iyyaafachuu ni danda’u.

Fkn. Lolli Aduwaa bara kam gaggeeffame?
A/1896 A.L.I
B/1888 A.L.I
C/1890 A.L.I
D/1892 A.L.I

C/Beekumsa seerotaa
Fkn. Seera dagaaginaa gooroo gara gooree ilaalchisee kanneen armaan gadii
keessa kamtu sirriidha?
A/Dagaaginni qaamolee gara keessaan eegala
B/Dagaaginni irraa gara gadiitti deema
C/Qaamoleen gurguddoo erga uumamanii kanneen xixiqqoo uumamu
D/Qaamoleen nutti dhihoo kanneen nurraa fagoo ta’an dursanii uumamu

    2.Sadarkaa Dandeettii olaanaatti(Hubannoo fi hojiirra  
       oolchuu).

Gaaffilee filannoo baay’ee firii barumsaa walxaxoo ta’anis iyyaafachuuf mijatoodha. Kanneen armaan gadiis dandeettiiwwan gulantaa ol’aanoo gaaffii kanaan iyyaafachuu dandeenyu kan agarsiisanidha.

A/Dandeettii qabatamtootaa fi seerota baratan hojiirra oolchuu
Waantti baratame tokko sadargaa qomatti qabachuu irra darbee gad-fageenyaan hubatamuu isaa beekuuf haala qabatamaa keessatti akka isaan hojiirra oolchaniif gaafachuun barbaachisaadha.

Fkn. Kanneen armaan gadii keessaa tokko soorata keessaa yoo dhibe hir’ina
kaalorii heedduu kan fidu isa kami?.
A/Dadhaa fallaana tokko
B/Sukkaara jajjaboo fallaana tokko
C/Daabboo muraa tokko
D/Hanqaaquu affeelamaa tokko
B/Dandeettii hariiroo sababaa fi taatee hiikuu
Gaaffileen kun hariiroo uumamuu waan tokkoo fi sababa isaa giddu jirullee hubachuu barattootaa iyyaafachuuf kan nama gargaarudha.

Fkn. Boba’aan oksijinii xiqqoon yoo gubate hangi kaarbondaayi oksaayidii ni
dabala. Sababni isaas:-
A/Kaarboniin kaarboondaay oksaayidii waliin waan walnyaatuuf
B/Kaarboniin kaarboon mono oksaayidii waliin waan wal nyaatuuf
C/ Kaarboon mono oksaayidiin CO2 hirrisuu waan danda’uuf
D/Oksideessuun bal’inaan waan gaggeeffamuuf

           Ciminaa fi Laafina Gaaffilee Filannoo Baay’ee

               Cimina gaaffilee filannoo baay’ee
Beekumsa akaakuu garaa garaa fi firii wal xaxoo ta’an iyyaafachuuf  gargaara
Gaaffilee dhugaa - sobaa keessatti barattootni dhugaa ykn soba jechuu qofaan deebii argachuu kan danda’an yoo ta’u, gaaffilee filannoo baay’ee keessatti garuu filannooleen deebii hin taane maaliif akka ta’uu hindandeenye beekuu gaafata.
Amansiisummaa ol’aanaa qabu. Gaaffilee filannoo baay’ee keessatti lakkoofsi filannoolee afurii fi isaa oli ta’uu waan danda’uuf carraa deebii sirrii tilmaamaan argachuu baay’ee xiqqaadha.

Akka gaaffii firoomsuu qabiyyee wal fakkaataa kan barbaadu miti.
Dogongora qubee kara barattootaa dhufuu danda’u ni hambisa
Gaaffilee filannoo baay’ee keessatti kara-balleessitoota barattootni hubannoo gahaa hinqabne filatan ilaaluun hanqina barachuu isaan qaban adda baafachuun gargaarsa barbaachisu kennuuf gargaara.

       Hanqina gaaffilee filannoo baay’ee 
Gaaffileen filannoo baay’ee akkuma akkakuuwwan gaaffilee deebii murtaawoo biro barattootni maal akka hubatan iyyaafachuu malee dandeettii qabatamaan waanta baratan hojiin mul’isuu hin iyyaafatu.
Gaaffilee kanaaf filannoolee deebii sirrii hinta’iin kan garuu barattoota kara balleessuu danda’an argachuun rakkisaa ta’uu danda’a.
Dandeettii yaada filatanii qindeessuun ibsuu hin iyyaafatu.

Gaaffilee Filannoo Baay’ee Qopheessuu Keessatti Qabxilee Hordofaamuu Qaban.

Gaaffilee filannoo baay’ee qopheessuu keessatti waanti guddaan hubatamuu qabu gaaffilee gaafataman ifa gochuu, kara balleessitoota ciccimoo tahan qopheessuu fi eertota dhabamsiisuudha. Walumaagalatti, qabxilee armaan gadiif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.

A/ Jirmi gaaffii of danda’ee hiika guutuu kan kennuu fi waanti gaafatamus
murtaawaa ta’uu qaba.
Kana jechuun barattootni battaluma gaaffii dubbisanitti tokkoon tokkoon filannoo dubbisuu isaanii dura deebii tilmaamaa sammuu isanii keessatti maddisiisuu qabu. Yeroo baay’ee gaaffileenkun bifa hima xumuramuu qabuunis ni dhiyaatu. Haata’u malee, bifa hima guutuu ta’een barreessuun filatamaadha.
Fakkeenya.
Laafaa. Itiyoophiyaan:-
A/Hinkoloneeffamne
B/Baha Afrikaatti argamtti
C/Teessoo gamtaa Afriikaadha.
D/Qabeenya uumamaan badhaatuudha.
Gaarii. Biyyoota armaan gadii keessaa teessoon gamtaa Afriikaa kamidha?
A/Sudaan C/Itiyoophiyaa
B/Keeniyaa D/Mozaambiik

B/Jirmi gaaffii ibsa barbaachisu hunda kan qabate ta’ee ibsa dabalataa
barbaachisaa hin taane haammachuu hinqabu
Fkn.Dadhabaa. Faca’iinsa elektirikii ilaaluun garee fi pereedii keemikaalotni
keessatti argaman beekuun ni danda’ama. Kanaafuu
elementiin tokko lakkoofsa atoomikii 20 yoo qabaate:-
A/Pereedii 2ffaa keessatti argama
B/ Pereedii 3ffaa keessatti argama
C/ Pereedii 4ffaa keessatti argama
D/ Pereedii 5ffaa keessatti argama
Fkn. Gaarii. Elementiin tokko lakkoofsa atoomii 20 yoo qabaate
pereedii___________keessatti argama
A/2ffaa B/3ffaa
C/4ffaa D/5ffaa
C/Jirma jechoota nagativiin ijaaraman fayyadamuu dhiisuu
Fkn.Dadhabaa.Magaalota armaan gadii keessaa kibba finfinneetti kan
hinargamne isa kami?
A/Shaashamannee
B/Fichee
C/Awaasaa
D/Adaamaa

Fkn.Gaarii.Magaalota armaan gadii keessa kaaba fifinneetti kan argamu isa
kami?
A/Shaashamannee
B/Fichee
C/Awaasaa
D/Adaamaa
D/Filannooleen deebii hinta’iin(kara balleessitootni) barattoota hubannoo gahaa hinqabne dogongorsuu danda’uu qabu.
Akkuma beekamu kaayyoon kara balleessitootaa barattoota hubannoo gahaa hinqabne dogongorsuudha. Kanaafuu filannoo isa deebii sirrii ta’e waliin karaballeessitoota wal fakkeenya qaba fayyadauun barbaachisaadha.

Fkn. Dadhabaa. Yaad-rimee ilaalcha gad’aantummaa kan hundeesse eenyu?
A/Adler
B/Freud
C/Marx*
D/Lincoln*
Fkn. Gaarii. Yaad-rimee ilaalcha gad’aantummaa kan hundeesse eenyu?
A/Adler
B/Freud
C/Jung
D/Horney

E/Wal-fakkeenya jechoota jirmaa fi deebii sirrii gidduu dhabamsiisuu
F/Filannoon deebii sirrii ta’an qubee tokko qofaa irratti baay’achuu hinqaban ykn bifa tilmaamamuu danda’uun mijeessuu hinqabnu
G/Filannoolee deebiin hinjiru ykn hunduu deebiidha jedhu akka kara balleessaa tokkootti bal’inaan fayyadamuu hinqabnu.

Sababni isaas bakka deebiin hinjiru jedhutti filannoolee jiran keessa tokko deebii ta’uu akka danda’u barattootni kan beekan yoo ta’e filannoon sun filannoo isa deebiin hin jiru jedhu sanas fudhatee waan baduuf barattootni deebii gaaffii sanaa filannoo lama qofaa keessaa gara filachuutti dhufu. Haaluma wal fakkaatuun filannoon hunduu deebiidha jedhu yoo fayyadamnes filannoolee hafan keessaa tokko deebii ta’uu akka hindandeenye barattootni kan beekan yoo ta’e ammas filannoon hafu lama qofaa taha. Kanaafuu akaakuuwwan filannoolee kana lamaa yeroo fayyadamnu of-eeggannoo gochuun barbaachisaadha.
3.1.5.1.2. Gaaffilee Deebii Murtaawaa Hinqabne
1.Gaaffilee Deebii Ibsuu
Akka Linn fi Gronlund(2000) ibsanitti gaaffilee deebii murtaawaa hintaanee barattootni gaaffii dhiyaateef deebii akka barbaadanitti akka ibsaniif carraa kan kennuufidha. Carraa yaada issaaniis akka barbaadanitti bareessuuf jiruun wal qabatee daangaa jirus bu’uura godhachuun gaaffilee deebii ibsuu bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:-

I.Gaaffille deebii ibsuu daangeffamoo/Restricted Response Essay Questions/

Gaaffileen deebii ibsuu daangeffamoo ta’an bifa ibsuun kan deebi’an ta’ee ibsi kennamu garuu daangaa kan qabudha.
Fkn.Gaaffileen filannoo baay’ee gaaffilee gosa biro caalaa maaliif filatamaa
akka tahe keeyyata tokkoon ibsi.

2.Gaaffilee deebii ibsuu daangeffamoo hi taane/Extended Response Essay Questions/

Gosa gaaffilee deebii ibsuu kana keessatti gaaffii dhiyaateef deebii kennamurratti daangaan taa’u hin jiru. Barattootni gaaffii gaafataman akka hubatanitti yaada isaanii ball’isanii akka ibsaniif carraa kan kennudha.

Fkn.Dhiibbaa kitaabileen barnoota gita saalaa irratti qaban ibsi

        Ciminaa Gaaffilee Deebii Ibsuu

1.Dandeettiiwwan ciccimoo fi wal-xaxoo iyyaafachuu danda’uu

Gaaffilee ibsuu dandeettiiwwan wal-xaxoo akaakuuwwan gaaffilee birootiin iyyaafachuu hindandeenye iyyaafachuuf filatamoodha. Gaaffilee kun dandeettii bal’isanii yaaduu/divergent thinking/ ilee iyyaafachuuf mijatoodha.

2.Carraa deebii bal’inaa kennuu qaba/Allow free response/
3.Carraa tilmaamaan deebii sirrii argachuu barattootaa ni dhabamsiisa
4.Qopheessuun isaa salphaadha.

  1. Tooftaa qo’annaa barattootaa fooyyessuu danda’a
    Gaaffilee deebii ibsuu barattootni gad fageenyaan akka dubbisaniif waan dirqisiisuuf qabiyyee baratan irratti hubannoo gad-fageenyaa akka horatan taasisa. Laafina Gaaffilee Deebii Ibsuu 1.Qabxiin kennamu mansiisummaas dhabuu danda’a

Gaaffilee deebii ibsuu soroorsuun isaanii baay’ee rakkisaa. Akkasumsa adeemsa soroorsuu keessatti qabxilee kennaman illee amansiisummaa gad’aanaa qabu. Fakkeenyaaf namni tokko hojii barataa tokkoof yeroo adda addaatti qabxii adda addaa kennuu danda’a, akkasumas namootni adda addaa hojii wal-fakkaatuuf qabxii adda addaa kennuun beekamaadha.

2.Adeemsi soroorsuu isaanii yeroo dheeraa kan fudhatudha.
Gaaffileen ibsuu kara barsiisaas kara barataas yeroo dheeraa kan fudhatanidha.

3.Qabiyyee fi kaayyolee heedduu iyyaafachuuf mijatoo miti
4.Barattootni yoo ibsa gahaa kennuu dadhaban callisanii waanta itti dhufe barreessuuf qabxii argachuuf yaaluu danda’u/Subject to bluffing/

Gaaffilee Deebii Ibsuu Qopheessuu fi Soroorsuu Keessatti Qabxilee Hordofamuu Qaban
Akka Linn fi Gronlund(2000) ibsanitti, gaaffilee deebii ibsuu dandeettiiwwan yaad-sammuu walxaxoo fi ciccimii ta’an iyyaafachuuf qabxileen gurguddoo lama xiyyeeffannoo argachuu qabu. Isaanis:-
Gaaffilee deebii ibsuu ifa ta’e qopheessuu
Adeemsa soroorsuu bifa odeeffannoo amansiisummaa qabu fiduu danda’uun karoorsuu

1.Gaaffilee deebii ibsuu qopheessuu keessatti qabxilee hordofamuu qaban

A/Gaaffilee kana qabiyyee fi kaayyolee akaakuuwwan gaaffilee biroon
iyyaafachuu hindandeenye qofaaf fayyadamuu.
Kaayyolee barnootaa gaaffilee deebii murtaawaa ta’aniin iyyaafatamuu danda’an gara deebii ibsuutti fiduun barbaachisaa miti. Sababni isaas gaaffileen deebii murtaawaa dhugummaa fi amansiisummaan walqabatee gahumsa ol’aanaa waan qabaniif

B/Gaaffileen qophaa’an firii barumsaa kaayyolee keessatti ibsaman kan
safaran ta’uu qabu.
C/Gaaffileen bifa barattootni waanta raawwachuuf irraa eegamu haalaan
hubachuu danda’anitti barreeffamuu qabu.
D/Tokkoon tokkoon gaaffiif yeroo kenname ibsuu
E/Gaaffilee kennaman keessaa filadhuu hojjedhu filannoo jedhu kennuu
Dhiisuu

Walumaagalatti, gaaffilee deebii ibsuu gahumsa qaban qopheessuuf qabxilee armaan olitti eeraman hojiirra oolchuun baay’ee barbaachisaadha.

2.Gaaffilee deebii ibsuu soroorsuu keessatti qabxilee hordofamuu qaban
Gaaffilee deebii ibsuu keessatti rakkoon gudda tokko akkaataa itti gaaffilee kun soroorfamanidha. Kanaafuu qabxilee ijoo armaan gadiif xiyyeeffannoo kennuun amansiisummaa qabxii kennamuu fooyyeessuun ni danda’ama.

A/Moodela deebilee dursinee qopheeffachuu.
Gaaffilee deebii ibsuu soroorsuu keessatti barsiisotni dursanii gaaffii qophaa’e sanaaf ibsa barattootni kennan keessatti qabxilee ijoo mul’achuu qaban dursanii adda baafachuun adeemsa soroorsuu milkaa’aa gochuuf gumaacha guddaa qaba.

B/Malleen gaaffii ibsuu sirreessuuf tajaajilan lamaan keessaa isa gaarii
ta’etti fayyadamuu.
Mala qabxii/Analytical scoring method/. Akka mala kanaatti deebiin tokkoon tokkoon barata kenne moodela dursee qophaa’e wliin madaaluun qabxiin kennama. As keessatti haali qindoomina barreeffamaa, filannoon jechootaa, qabiyyeen barreeffamee fi kanneen biro qofaa qofaatti ilaalamu.
Mala waliigala hojii qabxeessuu/Holistic scoring method/.Akka mala kanaatti tokkoon tokkoon hojii barattootaa qofaa qofaatti kan ilaalaman osoo hinta’iin raawwii waliigala hojii sanaa ilaaluun akka waliigalaatti qabxiin kan kennamudha.
C/Waantota dandeettii gaaffii sanaan iyyaafatamu keessatti barbaachisoo
hintaane barattootni deebiitti makanii yoo barreessan maal gochuu akka
qabnu dursinee murteessuu
D/Osoo gaaffi itti aanutti hindarbiin tokkoon tokkoon gaaffii barattoota
hundaaf soroorsuu.
E/Maqaa barattootaa osoo hin ilaaliin gaaffilee soroorsuu.

3.1.6.Gaaffilee Qorumsaa Qindeessuu, Qoruu fi Soroorsuu

  1.Gaaffilee qorumsaa qindeessuu

Adeemsa yaalii qopheessuu keessatti gaaffileen jalqaba bakka adda addaatti barreeffaman walitti qabamanii ulaagaalee guutuu qaban guutuun qindaa’uun barattootaaf qopheessuun barbaachisaadha. Gaaffilee qormaataa qindeessuun gochaalee armaan gadii of keessatti qabata.
i.Galmeessuu
Qophii yaalii keessatti gaaffilee adda addaa qofaa qofaatti yaadannoo keenya irratti dursinee walitti qabachuun barbaachisaadha. Kanaan booda gaaffilee jalqaba bakka adda addaatti barreessine sana bakka tokkotti walitti qabuun galmeessuun murteessaadha.
ii.Irra deebi’anii dubbisuu
Gaaffileen qophaa’an bbay’isuun barattootaaf kennuun dura haala gaariin irra deebi’anii dubbisuun ykn nama biraa dubbisiisuun gaaffilee qophaa’an dogongora adda addaa fudhatanii birattoota bira akka hingeenyeef gumaacha gudda waan qabuuf haala of eeggannoo qabuun raawwatamuu qaba.
iii.Gaaffilee gosa adda addaa tartiibessuu
Gaaffileen qormaataa erga barreeffanii fi gulaalamanii booda tartiiba filatamaa ta’e qabsiisuun barbaachisaadha. Linn fi Gronlund(2000), tartiibni armaan gadii filatamaa akka ta’etti ibsu.
Dhugaa ykn Soba
Walitti firoomsuu
Deebii gabaabaa ykn bakka duwwaa guutuu
Filannoo baay’ee
Ibsii

iv.Qajeelfama barreessuu
Yeroo tokko tokko qajeelfamni ifaa fi gahaa ta’e kennamuu dhabuu isaa irraa kan ka’e, barattootni yeroo rakkatan ni mul’ata. Kanaafuu qajeelfama gahaa barreessuuf xiyyeeffannoon kennamuu qaba.
Walumaagalatti, qajeelfamni barreeffamu qabxilee armaan gadii of keessatti haammachuu qaba.
Faayidaa qormaatichaa(X1)
Yeroo kenname(X2)
Akkaataa deebiin itti kennamu(X4)
Deebiin akkamiin akka galmaa’u(X3)
Gaaffileen ibsii akkamiin akka isaan soroorfaman

Fakkeenya armaan gadii ilaalaa
Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Naqamtee
Istiriimii Barumsaa
Muummee Xiin-Sammuu
Qormaata Xumura Samisteera(X1) 2ffaa Koorsii Seensa Safarrii fi Madaallii Barnootaa(EPsy-231).
Yeroo Kenname: Sa’aa tokko(X2)
Qajeelfama Waliigalaa: Qormaatni kun kutaalee afur qaba: Dhugaa/soba,walitti firoomsii,deebii gabaabaa fi filannoodha. Gaaffilee hundaaf deebii isaanii bakka duwwaa qophaa’erratti guuti(X3).Deebiilee filannoo baay’eef qubee guddaa(X4) qofa fayyadamaa

2.Qorumsa Qoruu ( Kennuu)
Qormaata kennuu keessatti waanti guddaan dagatamuu hinqabne tokko barattootni hundinuu hanga dandeettii isaanii akka hojjetanii haalawwan mijatoo uumuufiidha. Kanaafuu haalawwan fiizikaalaa fi saayikolojawaa qoratamtoota irratti dhiibbaa geessisuu danda’anf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha. Haalotni saayikolojawaa kanneen fiizikaalawaa ta’an caalaa barattootarra dhiibbaa geessisuu danda’u. Kanaafuu waantota currisa barattootaa jeequu danda’an fakkeenyaaf:-
Barattoota qormaataan sodaachisuu
Qormaatni kun baay’ee barbaachisaa waan ta’eef haala gaariin hojjechuu qabdu jechuun barattoota sodaachisuu
Yeroo qaban keessatti xumuruuf daddafanii akka hojjetaniif sardduu
Yoo qormaata kana kuftan akkas taatu jechuun barattoota doorsisuu dhabamsiisuu qabna.

3.Gaaffilee Qorumsaa Soroorsuu/Scoring the Answers/
Adeemsa qormaata kennuun booda waraqaan deebii barattootaa walitti qabamuun soroorfamuun dirqamadha. Waraqaa qormaataa barattootaa soroorsuufis tooftaalee gurguddoo sadii fayyadamuu dandeenya. Isaanis:-

I.Harkaan Soroorsuu/Hand scoring/
Akkaataa tooftaa kanaatti barsiisaan waraqaa qormaataa barattoota ofuma isaatiin soroorsa. Tooftaan kun barsiisaan of eeggannoon kan gaggeessu waan ta’eef tooftaa filatamaadha.

II.Barattootaan Soroorsisuu/Self scoring/
Akkaataa tooftaa kanaattimmoo waraqaan deebii barattootaa kan soroorfamu barattootaanidha. Barsiisaan deebii gaaffilee itti himuutu irraa eegama. As irratti rakkoon guddaa mudachuu danda’u, barattootni waraqaa deebii isaanii yeroo soroorsan qabxii hin argatiin itti dabalachuun dhugummaa qabxii sanaa gaaffii keessa galchuu danda’u.

III.Maashiniin Soroorsuu/Machine scoring/
Tooftaan kun immoo akkuma maqaa isaa irraa ilaaluun danda’amu waraqaan deebii barattootaa kan soroorfamu meeshaa ammayyaanidha. Tooftaan kun waraqaa qormaataa barattoota heedduu yeroo gabaabaa keessatti soroorsuuf filatamaadha.

3.1.7.Qabxii/Firii/ Qormaataa Gabaasuu fi Qaaccessuu
/Reporting and Analyzing test results/

Waraqaa qormaataa barattootaa erga soroorfamee qabxii lakkoofsaan ibsamu argamee booda bifa salphaatti gabaafamuu danda’utti qindaa’uu qaba. Qabxilee kana gabaasuu fi xiinxaluufis malleen adda addaa fayyadamuu dandeenya.
3.1.7.1.Tooftaalee qabxiin ittiin gabaafamu

I.Baay’ina Faca’iinsaa(Frequency distribution)
Qabxilee qormaataa qindeessuu keessatti tooftaan baay’ee beekamaa tokko haala baay’ina faca’iinsa isaanii ibsuudha. Baay’inni Faca’iinsi kunis tokkoon tokkoon qabxii si’a meeqa meeqa akka inni tuuta sana keessatti mul’ate kan agarsiisudha.
Fkn.Barsiisaan tokko qabxii barattoota 18 diigdama keessa soroorfame armaan gadii qaba haa jennu,
14,13,14,15,11,15,13,10,12,13,14,13,14,15,17,14,15,14
Haala hinqindoofne kanaa baay’ina faca’iinsa qabxilee salphaatti addaan baasuun rakkisaa ta’uu danda’a. Kanaafuu haala armaan gadiin qindeessuun faca’iinsa qabxiilee barattoota kanaa hubachuun ni danda’ama.

             Gabatee.____ Qabxii fi faca’iinsa isaanii

Qabxii/Score/ Faca’iinsa/Frequency/
17 1
15 4
14 6
13 4
12 1
11 1
10 1
Ida’ama 18

Gabatee Kanarraa salphhadhumatti qabxiin barattootni baay’een galmeessisan isa kam akka ta’e addaan baasuun ni danda’ama
II.Giraafii
Giraafiinis hariiroo qabxii barattootaa fi baay’ina faca’iinsa isaanii giddu jiru kan nutti himudha.
Fkn. Mee ammas qabxii armaan olii giraafiin haa ibsinu
3.1.7.2. Qabxii Qorumsaaf Hiika Kennuu

Barattoota iyyaafanne odeeffannoo arganne safaruun lakkoofsa erga harkatti qabannee booda gaaffilee armaan gadii of gaafachuun barbaachisaadha.
Tokkoon tokkoon barataa garee isaa keessatti sadarkaa inni qabate maali?
Dandeettiin barattootaa garee kanaa akka gareetti yeroo ilaalamu sadarkaa akkamii irratti argamu?
Sadarkaan garaa garummaa dandeettii barattoota garee kana keessa jiranii maal fakkaata?

Egaa gaaffilee armaan olii kana bu’uura godhachuun qabxii barattootni galmeessisan karaa lama hiikuun ni danda’ama. Isaanis
Sadarkaa barataa dhuunfaa:- sadarkaa kanatti qabxiin tokkoon tokkoon barataa galmeessise sadarkkaa inni qabuu fi koorsii barate sana hangam akka hubate kan ibsudha.
Sadarkaa gareetti dha:- inni kun immoo sadarkaa dandeettii garee fi garaararummaa isaan gidduu jiru ilaalchisee odeeffannoo kan kennudha.

Safartuu Giddugaleessaa /Measures of Central Tendency/

Malleen kun akka waliigalaatti lakkoofsa tokko kan giddu galeessummaan sadarkaa dandeettii garee beekuuf nu gargaaru argachuuf kan nu gargaarudha. Faca’iinsi qabxilee barattootaas qabxilee gurguddoo ykn xixiqqaa of keessatti akka qabatellee beekuuf gargaara. Malleen giddu-gala dandeettii garee safaruuf nu gargaaranis gosa sadiitu jiru.

I. Marmaartuu(Mode)
Marmaartuun qabxii garee tokko keessatti barattootni baay’een galmeessisan kan ibsudha. Marmaartuu Marmaartuun salphaadhumatti ijaan ilaaluun addaan baafachuun ni danda’ama. Garee tokko keessatti moodiin lamaa fi isaan oli ta’uu danda’a.

II.Qabxii Walakkeessaa /Median/
Yeroo tokko tokko qabxiin giddu-galeessaa gahumsa barattootaa ibsuuf gahaa ta’uu dhiisuu danda’a. Sababni isaas qabxiin guddaa ykn xiqqaa ta’e tokko qabxii giddugaleessaa garee sanaa gara ofiitti harkisuu waan danda’uuf. Haala kanaan qabxiin walakkeessaa filatamaadha. Qabxii walakkeessaa argachuuf jalqaba qabxii barattootaa kallattii barbaadneen tartiibessuu qabna(guddaa-xiqqaa ykn xiqqaa-guddaa). Kanaan booda hanga walakkaa lakkoofsa garee sanaa geenyutti lakkaa’uudha.
Lakkoofsi barattootaa guutuu yoo ta’e qabxii walakkeessaa garee sanaa argachuuf qabxilee gidduutti hafan lama walitti ida’uun lamaaf qooduun kan argamu ta’a. Yoo lakkoofsi hir’uu (mangoo) ta’e garuu lakkoofsi gidduutti hafu suni qabxii walakkeessaa garee sanaa ta’a.

Fakkeenya.1 Fakkeenya.2
Qabxii Qabxii
50 49
49 48
48 48
46 47
46 45
43 44
43 43
42 42
41 42
41 41
38

III. Qabxii giddu galeessaa /Mean/
Qabxii giddu galeessaa malleen giddu-galli garee ittiin safaramu sadeen keessaa isaa baay’ee beekamaa fi bal’inaan hojiirra ooludha. Qabxii giddu-galeessaa garee tokkoo argachuu salphaadhumatti qabxii barattoota garee sanaa walitti ida’uun baay’ina miseensota garee sanaaf qooduudha. Lakkoofsi nuti shalaga kanaan argannus, qabxii barattootaa keessaa kamtu giddu-galeessaa gadii fi oli akka ta’e nutti hima. Qabxiin guddaa fi xiqqaa barattootni galmeessisanis qabxii giddugaleessaa garee sanaa irratti dhiibbaa qaba.

          X ̅ = Qabxii giddugaleessaa                          X = Qabxii barattootaa
          ∑ = Ida’ama                                               N = Baay’ina barattootaa

Malleen walirraa faca’iinsi qabxii barattootaa ittiin safaramu (Measures of Variability)

Malleen giddu-gala dandeettii garee safaruuf nu gargaaran sadeen faca’iinsa qabxii barattootaa ilaalchisee garaagarummaa tokkoon tokkoon qabxii giddu jiru nutti himuu hin danda’an. Garaagarummaa faca’iinsa qabxiin wal qabatee barattoota gidduu jiru beekuufis tooftaalee gurguddoo sadii fayyadamuu dandeenya. Isaanis:-

I. Addaan fageenya/Range/
Addaan fageenyi qabxii barattootni garee tokko keessa jiran galmeessisan keessatti garaagarummaa barataa isa qabxii guddaa galmeessisee fi isa qabxii gad’aanaa galmeessise gidduu jiru kan agarsiisudha. Addaan fageeny qabxilee lama qofaaf (qabxii isa guddaa fi isa xiqqaa) qofaa irratti xiyyeeffata. Kanaafuu garaagarummaa barattoota hunda gidduu jiru osoo hinta’iin garaagarummaa barattoota lama gidduu jiru qofa nutty hima. Sababa kanaanis tooftaan kun akka tooftaa qaaccessa qabxii barattootaatti baay’inaan hojiirra kan oolu miti.

  Fkn. 15,16,17,19,20,21,22,23,24,26
            Addaan fageenya =26-15= 11

III.Vaariyaansii/Variance/

Vaariyaansiin garaa garummaa tokkoon tokkoon barataa giddu jiru kan nutty himudha. Vaariyaansii shallaguuf jalqaba qabxiin giddu-galeessaa kan garee sanaa argamuu qaba. Kanaan booda tokkoon tokkoon qabxii barataa irraa miinii hir’isuun walitti ida’amee lakkoofsa argame baay’ina barattoota garee sana keessaaf qooduun qabxiin argamu vaariyaansii garee sanaa ta’a.
S2 = ∑(X-X)2
n
S2 =Vaariyaansii
∑ =Ida’ama
X =Qabxii tokkoon tokkoon barataa
X =Qabxii giddu-galeessaa/miinii/
n =Lakkoofsa barattootaa

III.Isataandard deviyeeshinii/Standard deviation/

Istaandard deviyeeshiniin malleen garaagarummaan barattootaa ittiin safaramu keessaa tooftaa isa filatamaa fi baay’inaan hojiirra ooludha. Istaandard deviyeeshiniin kunis addaan fageenya tokkoon tokkoon qabxiin barataa qabxii giddu galeessaa irraa qabu ibsa.

Qabxiin barattootni galmeessisan baay’inaan kan walitti siiqu yoo ta’e istaandard deviyeeshiniin garee sanaa xiqqaa ta’a. Qabxii barattootni galmeessisan gidduu garuu garaagarummaan jiru guddaa yoo ta’e istaandard deviyeeshiniin garee sanaa guddaa ta’a.

   SD=  

Istaandard deviyeeshinii shallaguuf tarkaanfilee raawwataman
Qabxii giddu galeessaa/miinii/ argachuu.
Tokkoon tokkoon qabxii barataa irraa miinii hir’isuu.
Qabxii argame sana iskuweerii gochuu
Ida’ama lakkoofsota iskuweerii ta’anii argachuu (∑X2).
Vaariyaansii argachuuf lakkoofsa tarkaanfii 4ffaa irratti argame baay’ina barattootaaf qooduu.
Lakkoofsa tarkaanfii 5ffaa irratti argame(vaariyaansii) raadikaala jala galchuun lakkoofsi dhuma irratti argamu istaandard deviyeeshinii garee sanaa ta’a.

Gaaffilee Qormaataa Qaaccessuu/Item Analysi/

Gaaffilee qormaataa qaaccessuu gahumsa gaaffilee qormaataa madaaluuf filannoolee barattootni tokkoon tokkoon gaaffii kennan adeemsa xiinxaluudha. Qaaccessi gaaffilee kunis gaaffilee gahumsa qabanii fi hinqabne addaan baafachuuf nu gargaara.

Gaaffilee qormaataa qaaccessuufis dura duubaan tarkaanfilee armaan gadii raawwatamuu qabu.
Qabxii barattootaa isa guddaa irraa gara isa xiqqaatti tartiibessuu
Tartiiba qabsiisne irratti hundaa’uun barattoota qabxii olaanaa qaba keessaa 27% fi kanneen qabxii gad’aanaa qaban 27% addaan baafachuu. Lakkoofsi barattootaa xiqqaa yoo ta’e, fakkeenyaaf 40 ykn 50 yoo ta’e hunda isaanii bakka lamatti qooduun fayyadamuu dandeenya
Shalaga gaggeessuuf akka tolutti filannoo tokkoon tokkoon barataa garee lamaan keessa jiru taasise ilaalchisee tokkoon tokkoon gaaffiif odeeffannoo walitti qabachuu.

Erga qabxileen kun raawwatamanii booda qaaccessa gaggeessuu dandeenya.

1.Sadarkaa Ulfaatina Gaaffii /Item difficulty index/
Sadarkaa ulfaatina gaaffilee madaaluun gaaffileen dhiyaatan sun barattoota meeqaan deebii sirrii akka kenname beekuuf gargaara. Lakkoofsi barattootaa guddaa(fkn 100 fi isaa oli) yoo ta’e garee olaanaa keessaa 27% fi garee gad’aanaa keessaa immo 27% filachuu dandeenya. Kanaan booda filannoo miseensotni garee kanaa tokkoon tokkoon gaaffiif taasisan fayyadamuun sadarkaan ulfaatina gaaffii sanaa maal akk fakkaatu xiinxall.

(P)= (Barattoota garee olaanna keessaa deebii sirrii kennan +Garee gad^’ aanaakeessaa deebii sirrii kennan)/(Lakkoofsa barattoota garee lamaan keessaa)

Sadarkaan ulfaatina gaaffilee 0 fi 1 giddutti kan argamu ta’ee dhibbantaan (0%-100%) kan ibsamudha. Shalaga kanaan lakkoofsi argamu guddaa yoo ta’e gaaffiin sun barattoota baay’een deebi’uu issaa mul’isa ykn gaaffiin sun salphaa ta’uu isaa ibsa. Sadarkaan ulfaatina gaaffii barattoota hubannoo gahaa qabanii fi hin qabne addaan baasuuf giddu galeessaan 0.60 filatamaadha.

                                Hiika sadarkaa ulfaatina gaaffii

%Deebisan (P) Hiika
55% – 100% Salphaa
45% – 55% Giddugaleessa
0% – 45% Baay’ee ulfaataa

2.Dandeettii Addaan Baasaa (Secca’uu) Gaaffii/Item discrimination Power/
Dandeettiin sacca’uu gaaffilee kan agarsiisuu tokkoon tokkoon gaaffii barattoota hubannoo gahaa qabanii fi hinqabne hangam addaan baasuu akka danda’anidha.
D= (Barattoota garee olaanna keessaa deebii sirrii kennan – Garee gad^’ aanaakeessaa deebii sirrii kennan)/(1/2 (Barattoota garee lamaanii))
Dandeettiin sacca’uu gaaffilee -1.00 – +1.00 gidduutti argama. Dandeettiin secca’uu gaaffii nagativii ( -1.00 and zero) yoo ta’e gaaffiin sun barattoota heedduu garee gad’aanaa keessa jiraniin deebi’uu isaa ibsa. Dandeettiin secca’uu zeeroo ta’uun immoo barattootni garee lamaanuu wal qixxa deebisuu isaanii agarsiisa. Lakkoofsi shallagaan argamu positivii yoo ta’e immoo gaaffiin sun barattoota garee olaanaan baay’inaan deebi’uu isaa ibsa.
Gatii addaan baasaa Bu’a – qabeessummaa

  1. 0.40 fi isaa ol                    Baayi’ee gaariidha
  2.  0. 30 – 0.39                    Gaarii dha
   3.  0.20 – 0.29                   Homaa hin jedhu
   4.  0.19 fi kanaa gadi                   Dadhabaa dha.

3.Cimina Dogoggorsiistotaa (Kara-balleessitootaa) xiinxaluu/ Distractor Analysis/
Gaaffilee filannoo baay’ee keessatti qabxiin bu’uuraa tokko kara balleessitootni nuti gargaaramne hangam cimoodha isa jedhudha. Haata’u malee sadrkaan ulfaatina gaaffis ta’ee, dandeettiin sacca’uu gaaffilee filannooleen deebii sirrii hinta’iin gahumsi isaan qaban maal fakkaata isa jedhuuf xiyyeeffannoo hin kennu.
Cimina kara-balleessitootaa kan madaallu filannoo barattootni garee olaanaa fi gad’aanaa keessa jiran filannoolee deebii sirrii hinta’iin irratti filannoo isaan gaggeessan ilaaluun ta’a. Kara balleessaan/dogongorsaan/ tokko cimaadha kan jedhamu barattoota garee gad’aanaa keessa jiran irra caalaa ofitti harkisuu yoo danda’edha.
3.2. Amaloota Meeshaalee Iyyaafannaa Gaarii

Barattoonni kutaa sadii 60% yaalii tokko irratti osoo sadarkaa kutaa sanaatti eegamuun gaditti dubbisu ta’ee dhimma kun nama yaaddessa? Deebiin keenyi jalqabaa eeyyee ta’uu danda’a garuu dhiphachuun nutti jira jennee deebisuu dandeenya.Kan dhiphachuun nutti hin jirre bu’aa yaalii kennineetti yoo amanna ta’edha.Ofitti anmanamummaa akkasii kan qabaannu yoo yaalichi ogummaa, sansakka, ykn qabattoota safaramuu barbaadame safaruu isaaf sababa gahaa, akkasumas yeroo addaa addaarratti bu’aa yaaliichaa kan barataan tokko argate yoo wal fakkaatee fi haala sababa gahaa yoo sadarkaa sirrummaan waan safaramu sana safaredha.Walumaa galatti, kutaa kana keessatti, yaad – rimeewwan dhugummaa yaalii, amansiisummaa fi tajaajilummaa yaalii baratta.

Dhuma kutaa kanaaatti tokko tokkoon k/barsiisotaa:
Dhugummaa yaalii maali akka ta’e jecha isaatiin hiikuu ni danda’a
Akaakuuwwan dhugummaa yaalii addaan baasee ibsuu danda’a
Yaad – rimee amansiisummaa yaalii jecha isaatiin hiikuu danda’a
Qabatamtoota amansiisummaa yaalii irratti dhiibbaa geessisan eenyu faa akka ta’an addaan baasee ibsuu danda’a
Tajaajilummaan yaalii maali akka ta’e ibsuu ni danda’a
Wantoota tajaajilummaa yaalii murteessan addan baasanii ibsuu danda’a
3.2.1. Dhugummaa /Validity/

           Gocha 3.5
Baru - barsiisuu keessatti dhugummaa yaalii  maali?
 Qabatamtoonni dhugummaa yaalii irratti dhiibbaa geessisam ibsi.
Akaakuun dhugummaa yaalii beektu tarreessi.
Fakkeenya akaakuu dhugummaa tokko tokkoo isaaniif kenni.

Hiika Dhugummaa

Yaaliin tokko dhugummaa qaba kan jedhamu yoo yaalichi waan safaruuf qophaa’e safaree argamedha. Fakkeenyaaf, yaaliin herregaa dandeettii herregaa kutaa 3ffaaf yaadame qophaa’e barattoota kutaa 3ffaa dandeettii herrega isaanii qoruu qaba malee dandeettii herregaa kutaa 5ffaa fi dandeettii dubbisuu barattoota kutaa 3ffaa safaruu hin qabu.Dhugummaan qabxii yaalii ykn qabxii meeshaa madaallii barattoota ilaallata malee meeshicha mataa isaa hin ilaallatu.Kanaafuu, dhugummaan bu’aan yaalii tokkoo dhimma karoorfameef ooluu isaa ilaala.

Qabatamtoota Dhugummaa yaalii irratti dhiibbaa geessisan

Qabatamtoonni dhugummaa yaalii tokkoo irratti dhiibbaa geessisan hedduudha. Isaanis,
Qabatamtoota yaalicha Keessaa /Factors in the Test/
Ifa ta’uu dhabuu qajeelcha yaalichaa
Jechootaa fi caasaa himaa ulaafata ta’etti gargaaramuu
Gaaffiin yaalii garmalee ulfaachuu
Gaaffii yaalii salphaa ykn sirriitti qophaa’uu dhabuu.Gaaffileen yaalii deebii eertuu qaban sadarkaa dhugummaa xiqqeessu.
Bu’aawwan barachuu safaruu yaadameef sirrii ta’u dhabuu gaaffii yaalii
Gaaffileen yaalii lakkofsaan baayyee xiqqaachuu
Haala sirrii hin ta’iin tartibessamuu gosa gaaffii yaalii
Deebiiwwan tartiibaan ta’uu /Identifiable pattern of answers/. Fkn A, B, C, A, B, C——- dha.
Qabatamtoota yaalii kennuu fi qabxeessuu keessaa
Yaalicha xumuruuf yeroo gahaa dhabuu
barattoota gargaarsa gaafataniif gargaarsa seeraan hin barbaachifne kennuufii
deebii hatuu
amansiisummaa dhabuu qabxeessuu yaalii deebii ibsuu fi kkf dha
Qabatamtoota deebiwwan barattootan wal – qabate
jeequmsa currisaa – soda
Dhimmoota akka umrii, saala, sadarkaa dandeettii, dugda duuba barumsaa, aadaa fi kkf dha.
Akakuu Dhugummaa
Barnootaa fi safarrii sayikoloojii keessatti akaakuu dhugummaa sadii beekamoo jira.Isaanis, dhugummaa qabiyyee, dhugummaa ulaagaa bu’uureffate, fi konistrakti validiitii dha.
Dhugummaa Qabiyyee”Content Validity”

                     Dhugummaan qabiyyee maali?

Karaa dhugummaan yaalii tokko ittiin mirkanaa’u keessaa inni salphaan karaa dhugummaa qabiyyeeti.Dhugummaan qabiyyee kan hundeeffamu sakatta’inaanidha.Gaaffileen yaalii qabiyyee barannoo baratame sirriitti bakka bu’uu isaa karaa sakatta’amudha.Yaaliin dhugummaa qabiyyee qabu yaalii kaayyoolee baru- barsiisuu wajjin wal – simedha.
Dhugummaa Ulaagaan wal-qabate “Criterion – related Validity”

Dhugummaa ulaagaan wal – qabate kan hundeeffamu qabxiilee yaalii ulaagaa biraa alaa jiru wajjin walitti firoomsuun ykn hariirsisuun dha. Dhugummaan kun raawwii yaalii tokko raawwii fuul – duraa haala gaariin raaguu ykn raawwii si’anaa tilmaamuu dha.Kunis qabxiiwwan yaalii tokko qabxii raawwii biraa booda argameen ykn qabxiin yaalichaa yerooma argame qabxii biraa yeroo sanuma argame wajjin wal – dorgomsiisuun argama.

Dhugummaa konistiraktii" Construct Validity"

Yaaliin tokko dhugummaa konistiraktii “Construct validity” qaba kan jedhamu yoo odeeffannoo biroo ykn yaad – hiddama wajjin hariiroo qabaatedha.Karaa biraatiin, raawwiin yaalii karaa saayikoloojowaadhan addeessamuu hanga danda’u ilaala.
SHAAKALA
Akaakuuwwan dhugummaa adeemsa armaan gadii waliin adeemu barreessuun deebisi.
Leenjiin booda yaalii ogummaa makaanikaa hangeessuu raawwii hojiirraa wajjin walitti hariirsisuu.
Gaaffilee yaalii kaayyoo wajjin wal – simsiisuu
Bifa yaalii IQ gabaabaa isa bifa dheeraa wajjin walitti hariirsisuu
Yaalii dandeettii dubbisuu yaalii dandeettii herregaatti hariirsisuu
Karoora barannoo wixinee yaalii qopha’e wajjin wal – dorgomsiisuu
Ddhugummaan yaalii tokkoo akkamitti murteeffama?
Malleen amansiisummaa yaalii tokkoo murteessuuf gargaaran kitaabaa dubbisuun dareef gabaasi.
3.2.2 .Amansiisummaa /Reliability/
Gocha 3.6
Amansiisummaan maali?
Qabatamtoonni amansiisummaa irratti dhiibbaa geessisan maal faati?
Barnoota safarrii fi madaallii keessatti yaad – rimee amansiisummaa jedhu amaloota yaalii gaarii addeessuuf hedduu kan gargaarudha. Amansiisummaan qabxii yaalii safarrii tokkoo kan safarrii biraa wajjin hangam akka wal fakkaatu kan addeessudha.Amansiisummaan qabxii argame ibsa malee meeshicha jechuu miti.Amansiisummaan yaalii tokkoo dhugummaa yaalichaaf barbaachisaa dha.
A) Qabatamtoota Amansiisummaa Yaalii irratti Dhiibbaa geessisan
Qabatamtoonni amansiisummaa bu’aa yaalii tokkoo irratti dhiibbaa geessisan:
Qabatamtoota yaalichaan wal -qabatan
Baayyina lakkoofsa gaaffii yaalii,qabiyyee yaalii
amala gaaffii yaalichaa,adda addummaa qabxeessuu
Qabatamtoota barattootaan wal – qabatan
adda addummaa garee /Group Heterogenity/
qorminaan/timaamaan yaalii deebisuu/Test wiseness/
si’aayina barattootaa
currisa barattootaa
Qabatamtoota yaalii kennuun wal qabatan
yeroo yaalicha xumuruuf kenname
deebii hatuu
3.2.3 Tajaajilummaa /Usability/

Gocha 3.7
Tajaajilummaan maali?
Tajaajilummaan wantoota maali ammata?

Tajaajilummaan yaalii gaariin tokko amala qabaachuu qabu keessaa isa tokkodha.Tajaajilummaan kan ilaallatu yaalii tokko itti gargaaramuuf qabatamaan wantoota hubannoo keessa galanidha.Isaanis,:
yaalii kennuu – qajeelfama yaalichaarratti hunda’anii yaalii qoruu
Yaalii kennuuf yeroo kenname – yaalicha bu’a – qabeessan kennuu fi qoruuf yeroo gahaan kennamuu qaba.
Qabxeessuu yaalichi soroorsuuf kan mijawaa ta’e gochuu
Qabxiiwwan yaalii hiikuu
Argamiinsa – bal’inaan jiraachuu yaalichaa
Gatii – yaalii sadhataan/ relatively/ gatii xiqqaa qabutti gargaaramuu fi kkf dha
Yaada Cuunfaa
Mul’istoonni yaalii gaarii ta’e tokkoo dhugummaa, amansiisummaa fi tajaajilummaa fi kkf dha.
Dhugummaan yaaliin tokko waan safaruu yaadame safaruu danda’uu ilaala.
Dhugummaan amansiisummaa malee hin jiraatu.
Dhugummaan dhugummaa qabiyyee, dhugummaa ulaagaan wal –qabate fi dhugummaa konistraktii jedhamuun qoodamuu danda’a.
Amansiisummaan qabxii yaalii irraa argame ilaala malee yaalicha miti.
Tajaajilummaan qabatamaan itti gargaaramuu yaali tokkoo ilaala.

BOQONNAA 4
Walta’iinsa Naamusa Iyyaafannaa

Kaayyoowwan ijoo iyyaafannaa keessaa barattoonni waan baratan irratti jijjiirama yaad – qalbii hangam akka fidaniiran beekuufi duub – deebii barsiisaaf kennuun baru- barsiisuu itti aanu qajeelchuudha.Adeemsa baru – barsiisuu keessatti maali akka baratamu,akkamitti akka baratamu,maaliin akka barsiisamuufi jijjiiramni sababa barachuun mul’ate hangam akka ta’e beekuuf furtuu ta’ee kan nu tajaajilu iyyaafannaadha.Haata’u malee, iyyaafannaan tajaajila kanneeniifi kan biraa kennuu kan danda’u yoo amansiisummaa,dhugummaa, tajaajilummaafi madalawaa ta’e dha.
Iyyaafannaan qixa sirrii ta’een itti gargaaramamu, karaa sirrii hinta’iin itti gargaaramuufi beekaa dhimma sirrii hin taaneef oolfachuun ni danda’ama.Iyyaafannaa dhimma tajaajiluu qabuun alatti gargaaramuun kan uumamu wayitii barsiisonni qabattoota bu’aa iyyaafannaarratti dhiibbaa gadhee geessisuu danda’an addaan baasanii beekuu wallaalanidha.
Boqonnaan kunis waalta’ina naamusa iyyaafannaa,barattoota aadaa baayyee iyyaafannaa keessattii, barattoota fedhii addaa fi iyyaafannaa, dhimmoota koorniyaa iyyaafannaa keessattirratti xiyyeeffata.Kanaaf immoo,dhuma boqonnaa kanaarratti leenjifamtoonni tokko isaanii :
Seer – buurorta iyyaafannaan qulqullina qabuu ni tarreessu
Amaloota iyyaafannaa waalta’aa ni himu
Amaloota waalta’ina ogummaafi naamusa iyyaafannaan tokko qabu ni tarreessu
haala qabatamaa daree irratti hundaa’uun waalta’ina ogummaa fi naamusa iyyaafannaa ni ibsuu
Naamusaan ala iyyaafannaatti gargaaramuun miidhaa qabu ni ibsu
Walta’iinsa iyyaafannaafi itti fayyadama bu’aa isaa ni ibsu

4.1 Waalta’ina Ogummaafi Naamusa Iyyaafannaa

Gocha 4.1
Gochaalee barachuu armaan gadiirratti gareen erga mar’ataniin booda dareef gabaasaa.
Waalta’inni naamusni iyyaafannaa maali faat? Waalta’inni ogummaa iyyaafannaa hoo?
Faayidaan waalta’inaa ogummaafi naamusa qabaachuu iyyaafannaa ibsi.

4.1.1.Iyyaafannaa Waalta’aa/ Assessment Standards/

Seer – bu’uurota iyyaafannaa qulqullina qabuu:Ifa ta’iinsa bu’awwan barachuu,sirrii ta’uu malleen iyyaafannaa,dhugummaa,amansiisummaa,iyyafannaa madalawaa (fairness),dhiibbaa gaarii qabaachuu,gahumsaafi qabatamaa ta’uu fi naamusa qabaachuu
Amaloota Iyyaafannaa waalta’aa
barachuu barattootarratti xiyyeeffata
Hunda – galeessaafi mirga barattootaa eega/ Fairness and the Rights of Students
Naannoo baruu – barsiisuu mijawaa taasisuuf iyyaafannaan waalta’aa mirga barattoota kan eeguufi hunda – galeessadha.
Fedhii barattoota fedhii addaa fi mirga barachuuf qaban hubannoo keesa galcha
Adda addummaa barattootaa gama aadaafi qooqaan jiru keessummeesa / Cultural
Hirmaannaa maatii barattootaa iyyaafannaa keessatti jajjabeessa
Kaayyoon iyyaafannaa isaa ifadha.

4.1.2. Naamusa Iyyaafannaa /Ethics of Assessment/

Iyyaafannaan naamusa qabu :
Barattoota hundaaf carraa wal – qixxee kenna.
Gochi kennameefi adeemsi soroorsuu isaa dhiibbaa gama sanyiirraa, koorniyaa ,sabaa,dadhabbina qaamaa yookiin qabattoota kaayoo iyyaafatamuun wal hin qabannee irraa bilisa dha.
Baru – barsiisuu fi galma barnootaan wal simaadha.
Barattoota addaan kan hin qoonneefi dogoggorara madalawummaarraa bilisadha.
Qabattoota dhuunfaarraa bilisa kan ta’edha.
Currisa dhuunfaa fi istiriyoo taayyppiirraa bilisa dha.
Qabiyyee fi ulaagaaan soroorsuu barattootaafi ifa kan ta’udha.
Iccitii barattoota eeguu/Confidentiality/
nageenya raga iyyaafannaa barattootaa kan mirkanaa’edha/ Data Security/
4.2 Iyyaafannaa keessatti Adda addummaa Barattootni Qaban
/ Diversity in Classroom Assessment/
Gocha 4.2

  1. Baruu-barsiisuu keessatti iyyaafannaan yeroo gaggeeffamu barsiisaan adda addummaa akkamii fa’a ilaalcha keessa galchuu qaba?
    Barattoonni dhimmoota adda addaaratti garaagarummaan ni qabu. Garaagarummaan kanneen si’ayina barachuu, dinagdee,sadarkaa jireenya maatii,koorniyaa,fayyaa fi kkf ta’uu ni danda’a. Iyyaafannaan baru – barsiisu keessatti gaggeeffamu hunda galeessa ta’ee fedhiifi dandeettii barattoota hubannoo keessa kan galche ta’uu qaba.
    Daree barnootaa keessatti barattoonni si’aayinaan,haala barachuun (learning style) ,dandeettii barachuun, aadaan, saddarkaa dinagdee – hawaasummaan fi muuxannoo barachuun adda adda ta’antu jira.Fedhiwwan kanneen jiraachuu isaanii addaan baasuun keessummeessuuf iyyaafannaan gahee olaana qaba.
    4.2.1 Barattoota aadaafi Qooqa gosa –addee
    (Students with diversified culture and Language)

Iyyaafannaa barattoota aadaafi qooqa gos –addee giddu – galeeffatetiin barachuu barattoota iyyaafachuun odeeffannoo guutuu walitti qabuuf hedduu gargaara.
Barattoonni aadaafi qooqa adda addaa qaban daree tokko keessa taa’anii barnoota baratu.Yoo barsiisaan garaagarummaa kana dagate ,barattoonni aadaafi qooqaan qoodamuun adeemsa barachuufi iyyaafannaa keessatti qooda fudhachuuf fedhii dhabu.Kanaafuu, barsiisaan qabattoonni kanneen fiixaan bahiinsa fi barachuu barattootarratti dhiibbaa akka qaban hubachuun gaarii ta’a.
Iyyaafannaan aadaafi qooqa barattoota baayyee keessumeessu:
Adda addummaa aadaafi qooqa barattootaa ni dinqisiifata
Dhimmoota aadaafi qooqaan wal – qabatanii beekumsaafi hubannoo barachuu barattootarratti gufuu ta’anirraa bilisa dha.
Barattoonni afaan danda’aniin dandeettii isaanii akka ibsatan ni jajjabeessa
Madda doggogra addaan baasanii beekuu,gaaffilee,ykn gocha garee barattoota tokko kan garee biraa caalaa mijatu beekuu
Gosa iyyaafannaa adda addatti gargaaramuu
Jechoota salphaatti gargaaramuu.
Iyyaafannichi yeroo qabxeeffamu odeeffannoo iyyaafannichaan wal hinqabanne dagachuu
Qabattoota bu’aa barachuu barattoota keessatti hin hammatamne iyyaafannaa keessatti makuu dhiisuu( Fkn., atteendansii, tattaaffii, amantii,aadaa,sanyy,saba fi kkf…)
Iyyaafannaa mirga barattootaa xuqu dhiisuu
Qabattoota raawwii barattootarratti dhiibbaa gadhee taasisan hubannoo keessa galchuu:
Garaagarummaa qooqaafi aadaa,
Barattoota fedhii addaa
Isteriyootaayyippii koorniyaafi sanyii
Sadarkaa dinagde – hawaasummaa
Dhiibbaa maatii
4.2.1 Dadhabbinaafi Iyyaafannaa/ Disability in Assessment/

K/barsiisa, barnoota Fedhii Addaa keessatti yaad – rimeewwan kanneen akka hubama, dadhabbina fi hanqina jedhaman baratteetta. Barattoonni tokko tokkoo rakkina dhaga’uu, arguu, miiressuu,qubaan barreessuu fi miillaan deemuu qaban hedduudha. Barattoota dadhabbina akkanaa qaban waan baratanirratti jijjiirama yaad – qalbii fiduu isaanii beekuuf iyyaafannaa barattoota hunda giddu – galeeffate qopheessun odeeffannoo guutuu argachuu nu dandeessisa.Kanaafuu , barattoota dadhabbina qaban akkamitti gahumsaan iyyafatta?
Baru – barsiisuu keessatti tooftaa iyyaafannaa barattoota fedhii addaa sadii jira:
Iyyaafannaa Makoo (Assessment Accommodation)
Iyyaafannaa kana keessatti qabiyyeen iyyaafannichaa osoo hinjijjiiriin adeemsa iyyaafannichaa qofa jijjiirudha (fkn.,yeroo dabalataa kennuu,bireelii,waraqaa halluu gargaaramuu..).
.Iyyaafannaa Fooyya’aa ( Assessment modifications)
Iyyaafannaan kun immoo qabiyyeefi dhimma yaalichaa osoo hinjijjiiriin gaaffilee yaalichaa jijjiiruudha: jechoota salphaan gaaffii ijaaruu,gargaarsa dabalataa kennufidha.
Iyyaafannaa biraa ( Alternate Assessment)
Dhimmi iyyaafatmu ni fooyya’a
Qabiyyeen irratti iyyaafatamu ni jijjiirama

Qabxiilee iyyaafannaa barattoota fedhii addaa keessatti hubannoo keessa galan:
Iyyaafannaa gosa makoo ,fooyya’aa ykn iyyaafannaa biraa gargaaramuu
Iyyaafannaa kaayyoo iyyaafatamuufi baru – barsiisuu wajjin wal simsiisuu.
Iyyaafannaa idlee gosa hundarratti bu’uureffachuun ,iyyaafannaa makoo,fooyya’aa yookiin iyyaafannaa biraa gargaaramuun iyyaafachuu
Iyyaafannaa adeemsa keessaafi xumuraa barachuu barattoota fedhii addaa wajjin deemu gargaaramuu
Iyyaafannaa barattoota fedhii addaa qabaniif kennuuf hiriyyoota hojii wajjin hojjechuu
Barbaachisaa yoo ta’e maatii barattootaa iyyaafannaa keessatti hirmaachisuu
Iyyaafannaa dadhabbina baratichaa wajjin deemu gargaaramuu

4.2.2 Dhimmoota Koorniyaafi Iyyaafannaa Daree

Koorniyaan garaagarummaa dhiiraafi dubartoota gidduu sababa hawaasan dhufudha.Adda addummaan kun dhiiraafi dubartootarratti dhimmoota addaa addaarratti ni mul’ata.Kanaafuu, dhimmoonni koorniyaa iyyaafannaa keessatti karaa sirrii ta’een akkamitti hammatama?
Iyyaafannaan baru – barsiisuu keessatti gaggeeffamau barattoota koorniyaan addaan qooduu hin qabu.Jechoonni itti gargaaramnu, gaaffii keessatti bamaqaan gargaaramnuufi kkf wal gitiinsa koorniyaa kan calaqqisiisu taasisuun barbaachisaadha.

Berry, R. S. Y. (2006, May). Teachers’ assessment practices for classroom diversity. Paper presented at the 32nd Annual Conference of International Association for Educational Assessment: Assessment in an Era of Rapid Change: Innovations and Best Practices, Singapore
Brookhart, S.M. (2004). Assessment theory for college classrooms. In New Directions in Teaching and Learning, eds. M.V. Achacoso & M.D. Svinicki, New York: Wiley, 5-14.
Frey, B.B. &Vicki L. Schmitt, V.L. (2012). Defining authentic classroom assessment. Practical assessment, research and evaluation, 17 (2).
Goldstein, G.S. (2007). Using classroom assessment techniques in an introductory statistics class. College Teaching, 55 (2), 77-82.

Contents
BOQONNAA-1 1
YAAD-RIMEEWWANII FI JECHOOTA BU’UURAA IYYAAFANNAA FI MADAALLII BARACHUU BARATTOOTAA 1

  1. Yaad-rimeewwan Bu’uuraa Iyyaafannaa fi Barachuu Keessatti 1
    1.1. Iyyaafannaa fi Madaallii Barachuu Barattootaa Keessatti Hiika Jechoota Bu’uuraa 1
    Gocha 1.4 5
    1.2. Dhimmoota Iyyaafannaa fi Madaallii Barachuu fi Itti Fayyadama Dhimmoota Iyyaafannaa Barachuu Mana Barumsa Sadarkaa tokkoffaa 6
    1.2.1. Dhimma Iyyaafannaa Adeemsa Keessaa (Formative Purpose) 6
    1.2.2. Dhimma Iyyaafannaa Xumuraa (Summative Purpose) 7
    1.2.3. Dhimma Iyyaafannaa Ramaddii (Placement Purpose) 7
    1.2.4. Dhimma Iyyaafannaa Sakatta’iinsaa (Diagnostic Purpose) 7
    1.3. Seerota/Piriinsippiloota Iyyaafannaa fi Madaallii Barachuu Barattootaa 9
    1.4. Iyyaafannaa Walitti Fufaa fi Akaakuuwwan Iyyaafannaa Walitti Fufaa 12
    1.4.1 Maalummaa Iyyaafannaa Walitti Fufaa 12
    1.4.2. Akaakuuwwan Iyyaafannaa Walitti Fufaa 12
    BOQONNAA-2 16
    IYYAAFANNAA RAAWWII MANA BARUMSAA SADARKAA TOKKOFFAA KEESSATTI 16
  2. Akaakuu Meeshaalee Iyyaafannaa (Types of Assessment Tools) 16
    2.1 Iyyaafannaa Raawwii (Authentic Assessment) 17
    2.1.1 Yaad-rimee Iyyaafannaa Raawwii (Concepts of authentic Assessment). 17
    2.1.2. Galmoota Iyyaafannaa Raawwii (Goals of Authentic Assessment) 17
    2.1.3 Faayidaa Iyyaafannaa Raawwii (Importance of Authentic assessment) 18
    2.1.4 Hanqinoota Iyyaafannaa Raawwii 19
    2.1.5 Amaloota Iyyaafannaa Raawwii (Characteristics of Authentic Assessment) 20
    2.2. Meeshaalee Iyyaafannaa Raawwii (Tools of Authentic Assessment) 20
    2.2.1 Hojiirra Oolmaa Meeshaalee iyyaafannaa raawwii Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti 21
    Kitaabota Wabii 33
    BOQONNAA- 3 34
    YAALII FIIXAAN BAHIINSAA DAREE/BARSIISAA/ QOPHEESSUU 34
    3.1.Qophii Yaalii/Test Development/ 34
    3.1.1. Yaalii Daree Karoorsuu/Planning Classroom Test/ 34
    3.1.2 Gaaffilee Yaalii Qopheessuu Keessatti Qabxilee Hordofamuu Qabanii fi Gahumsa Barsiisotni Qabaachuu Qaban. 37
    3.1.3. Qoodama Yaalii/Classification of Tests/ 38
    3.1.4.Gaaffilee Yaalii Qopheessuu Keessatti Gahee Kaayyolee Barumsaa 41
    3.1.5.Yaalii Fixaan bahiinsaa Daree/Barsiisaa Ijaaruu 46
    /Constructing different types of classroom tests/ 46
    3.1.6.Gaaffilee Qorumsaa Qindeessuu, Qoruu fi Soroorsuu 66
    3.1.7.Qabxii/Firii/ Qormaataa Gabaasuu fi Qaaccessuu 69
    /Reporting and Analyzing test results/ 69
    3.2. Amaloota Meeshaalee Iyyaafannaa Gaarii 77
    3.2.1. Dhugummaa /Validity/ 78
    3.2.2 .Amansiisummaa /Reliability/ 80
    3.2.3 Tajaajilummaa /Usability/ 81
    BOQONNAA 4 83
    Walta’iinsa Naamusa Iyyaafannaa 83
    4.1 Waalta’ina Ogummaafi Naamusa Iyyaafannaa 84
    4.1.1.Iyyaafannaa Waalta’aa/ Assessment Standards/ 84
    4.1.2. Naamusa Iyyaafannaa /Ethics of Assessment/ 85
    4.2 Iyyaafannaa keessatti Adda addummaa Barattootni Qaban 85
    4.2.1 Barattoota aadaafi Qooqa gosa –addee 86
    (Students with diversified culture and Language) 86
    4.2.1 Dadhabbinaafi Iyyaafannaa/ Disability in Assessment/ 87
    4.2.2 Dhimmoota Koorniyaafi Iyyaafannaa Daree 88
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.