Application of Theories of Learning in Primary School – EPSY 221

HOJIIRRA OLMAA YAAD-HIDDAMOOTA BARACHUU MANNEEN BARNOOTAA SAD. 1FFAA KEESSATTI
(Applications of Learning Theories in Teaching Primary Schools)
{EPSY 221}

Kan qindeesse fi gara Afaan Oromottii Hiikee Mijeessee KBB Jimmaattii
Daanyee Admaasuu (MA)
Jireenyaa Urgeessaa (MA)
Siyyuum Kabbadaa (MA)
Lammeessaa Urgeessaa (MA)
Alamaayyoo Raggaasaa (MA)

Biroo Barnoota Oromiyaa
Hagayya, 2006
Finfinne

Boqonna Tokko
Yaad- rimeewwan Barachuu fi Yaad- hiddammoota Barachuu
Jaalatamaa leejiiffamaa! Boqonnaan kun seensa moojuulii kanaa waan ta’eef yaad- rimeewwan barachuu fi yaad- hiddamoota barachuu, amaloota barachuu, qabattoota barachuu keessatti, gahee qaban, seenaa dagaagina yaad- hiddamoota barachuu fi yaad- hiddamoota barachuu adeemsa barumsa keessatti gahee guddaa qaban adda addaa addeesuuf yaaliin godhameera. Kana malees bu’aawwan barachuu boqonnaa, Gaaffilee of madaalliif, Gochaa cuunfaa boqonnaa fi hiika jechoota bu’uuraa qabatee jira. Kanaafuu Gochaalee kennaman hunda hojjechuun sammuutti qabachuuf yaalii.
Bu’aawwan Barachuu Boqonnaa kanaa
Dhuma boqonnaa kanaa irratti barattoonni

  • Gosoota barachuu adda addaa ni addeessuu
  • Hiika yaad- hiddamoota barachuu ni ibsuu.
  • Seenaa dagaagina yaad- hiddamoota barachuu ni ibsuu.
  • Yaad- hiddammoota adda addaa adeemsa barumsaa keessatti hojjiiraa oolaa jiran addaani baafatu.
  • Akkaataa itti yaad- hiddamoonni barachuu adeemsa barachuu barattootaa hubachuuf gargaaraan ni ibsuu.
    Muuxannoo adeemsa barachuu keessatti argetan yaad- hiddamoota barachuu keessatti barataniin wal simsiisu.
    1.1 Yaad- Rimeewwan Barachuu
    Waa’ee yaad- hiddamoota barachuu ibsuun dura yaad- rimee barachuu irratti garaagarummaa ilaalchaa jiru ilaaluuf yaalii goona. Kanaafu kutaan tokkooffaa yaad- rimee barachuu, hiikkaa fi gosoota barachuu, qabattoota barachuu keessatti gahee qaban irratti xiyyeeffachuun ibsi kennama.
    Gocha 1. Hubanoo kanaan dura qabdu irraa ka’uun barachuun maali jettee yaadda? Hiikkaa kennite kana kan armaan gadiin walqabsisii.

1.1.1. Hiika barachuu
Akka ‘Illeris’ (2009)tti waggoota 10-15 darban keessatti yaad- rimee barachuu dhimma xiyyeeffannoo saayikoloojistootaa, pedagojistoota fi ogeessoota barumsaa qofo osoo hin ta’in dhimma siyaas-dinagdee harkisaa jira. Sababni isaa sadarkaan barumsaa fi ogummaa ummata biyyaa tokko waldorgommii guddina ariiffachiisaa galmeessuuf, ummatni ammayyaa godhu keessatti gahee guddaa qaba.
Barachuun yaad- rimee baay’ee walxaxaa ta’ee fi hiikni hayyoota adda addaan kennamu adda addadha. Fakkeenyaaf saayikolojistoonni raawwii namootaa irratti jijjiirama osoo walirraa hincitiin sababa hariiroo naannoo keenya waliin goonuun mul’atuudha ( Discoll, 1994) jedhu.
Barachuun jijjiirama yaad- qalbii sababa muuxxannoon dhufu ta’ee kana hanga tokko turuu danda’uudha ( Mayer 1982 ). Barachuun jijjiirama dandeetti hanga tokko turu danda’u lubbu qabeeyyii irratti mul’atu ta’ee sababa shaakalaa fi muxannoon kana dhufudha male sababa bilchinaatin ykn jijjiiramaa baayilojikaalawaa miti ( Illeris 2007)
Hayyoonni barumsaa ilaalcha adda addaa qabaniin barachuu haalaa addaa addaan ibsaniiru. Fakkeenyaaf kanneen armaan gadii haa ilaalu.

  1. Akkaataa ilaalchoota haayyoota duriitti barachuun beekumsa waraabaani sammuu dhala namaatti guutuun yaad-qalbii qaruudha, sammuu barattootaa baratanii akka qabee duuwwaatti ilaaluu. Qabiyyeen barsiisaman barsiisaadhaan sammuu barattootaa isa duwwaatti guutamuun qaramuu .
    Hikkaa barachuu armaan oliin akkamiitti ilaalta? Hubannoo qabdu ibsuuf yaali ?
    Dimshaashumatti akka ilaalcha duriitti barachuun kan barsiisaa giddu galeeffateedha. Akka ilaalcha kanaatti barachuun beekumsa, ogummaa fi soona barsiisaa irraa fudhachuun sammuutti guutuun qaramaa deemuudha.
    ‘Rogers’( 1969) garuu, yaada barachuu kana mormuun dhalli namaa filannoo isaaf ta’u gonfachuuf dandeettii gahaa kana qabu ta’u isa ibsa, kana jechuun dhallii namaa waan isa barbaachiisuu filatee kan isa, hin barbaachiifnee immoo dhiisuuf dandeettii kan qabu ta’u isaa ibsa.
  2. Akka haayyoota ammayyaatti barachuun akka gara galii ykn kaayyoo barbaadamuutti sadarkaa sadarkaan deemuutti ilaalama. Qabiyyee baraumsa ammo akka dirree waan baratama irraa sakkatteessiinee barbaadnuutti ilaaluu. Barattoonni waa’ee waan baratamu sanaa hubannoo muraasa yoo qabaatan barsiisaan garu waa’ee waan baratamu sana beekumsa gahaa waan qabuuf galii barbaadamu bira barataan akka gahuuf haala mijeessa. Kanaafuu barsiisaan qaama beekumsa bartaatti waraabee dabarsuu osoo hin ta’iin barataan kaayyoo barbaadame bire akka gahu karaa kana haqee mijeessuufi idha.
    Barsiisaan akka kunuunsaa biqilootaatti ilaalama. Barattoonni akka dirree qotiissaa ( maasaa biqilttoonni irraa jiranniitti ilaalamu. Qabiyyeen barumsaa ammoka biyyoo qilleensi, bishaan Ho’aa fi kkfnitti ilaalamu waan kana ta’eef kaayyoolee barumsa bira kana gahamu barataaf barsiisaan qinda’ani yoo walfaana hojjetaniidha.
    Gocha : Yaada armaan olitti dhiyaatee irratti hunda’uun barachuun maal akka ta’e ibsii ?
    Akka yaad-hiddama yaad- qalbiitti barachuun amaleessuun yaad- qalbii haaraa gonfachuudha. Barachuun bu’a walittidhufeenya kakaasa fi deebiisaatti. Akka yaada hiddama yaad- sammuutti barachuun raawwachuu kan danda’u odeeffannoon naannoo irraa gara qaama miiraa seenee sadarkaa bilchina isaa keessaa halluquudhaan sammuu keessatti kan kuusamuu yoo ta’eedha. Barattoonni barachuuf damaqinaan hirmaachuu qabu. Yaad- hiddamni konstruktivist jedhamuus barachuun haala walirraa hincineen damaqinaan muuxannoo amma argachaa jiruuf kanneen duraa qabuu irraa ka’uun yaada ijaaraa deemuudha waan kana ta’eef barachuu kan murteessuu kakaasa alaa nutti fe’amuun osoo hin ta’iin tataaffii dhunfaatti.
    Gocha : Leenjiiffamtoota Hiika yaad- hiddamooni sadan ( Yaadqalbistoota, Yaadsammuu, Konistiraktivi ) kennan keessaa isa kama filatu ? Maaliif

1.1.2 Akaaku Barachuu(Types of Learning)
Jaalatamtoota Barattoota! Akaakuwwaan barachuu hanga ammaa beektu tarreessitaa? Mee gaaffii kana sammuu keen yaadachuu yaalii __________________________


Gaaffii armaan olii yaallaan baay’ee dansaa dha. Amma ammo yaada kennitee waliin walbira qabun qabxiilee armaan gadii hubadhu.
Akka ‘Elleris’ (2008), tuqameettii akaaku barachuu afurtu jira( kufamaa ykn makaanikaalaa (cumulative or mechanical), walittii fidu ykn makuu (assimilative), ofitti fudhachuu (accommodative or transcendent) fi barachuu Tiraanisfoormativi (transformative learning) jechuun qoodun kaa’a. Yoo naqamni tokko summu keessatti hundeeffamu barachuu kufamaa ykn makaanikaalaa jedhama. Xabiyaan barachuu akaaku kanaa kan ifu odeeffannoon kophaa ta’ee ykn haaraa muxannoo kaminuu hidhata hinqabneen ta’u isaati. Kanaafu akaakun barachuu kufamaa hedduminaan kan gaggeeffamu wayiti umrii jalqabaa yoo ta’u dhawaata garuu xiqqaachaa deeme booda booda irrattii tarii yoo jiraatee illee haala addaa odeeffannoo hikkaa hidhata hinqabnee fi garuu barbaachisaa ta’ee yaadachuuf odeeffannoo kuusannuu dha. Fakkeenyaaf PIN koodi Siim kaardii yaadachuu. Bu’aan barachuu isaa kan hojii irra oluu ykn yaadatamu fi hojii irra oluu haala summu haala keessa itti baratameen walfakkaatee dha. Irra caalaatti akaakun barachuu kun kan tajaajilu bineensoota leenjisuuf waan oluuf kana irraa ka’un yaadhiddameessitonnii saayikolojii barachuu yaadqalbii amaleessuu (conditioning) jechuun waamu.
Yaada armaan olittii ka’ee sirritti hubachuuf taate aramaan gadii xiinxaluun barbaachisaa dha.
Mee moobaayilii haaraa simkaaridii waliin bittan haajennu; moobaayilicha sirritti barnuu fi itti fayyadamuuf koodi isaa yaadachuu fi itti galchuun sirraa eegama. Haaluma kanaan wanta biraa osoo hin ilaaliin koodii isaa itti galchitee sammuutti qabatte kun akaaku barachuu maaliiti?


Hanga ammaatti akaakun barachuu baay’inaan beekamu akaaku barachuu walitti fiidu ykn ida’achuun barachuu jedhama (assimilative or learning by addition), jechuniis ilamantii odeeffannoo haaraa naqama odeeffannoo kana duraa hundeeffameen hidha waan qabuf walitti fiduu ykn itti ida’u dha. Faakkeenyaaf barachuu sirrii akaaku barachuu kanaa ta’uu danda’uu manneen barnootaa keessattii barachuu gosaa barnootaa tokko yeroo hunda haguma daree oldabalaa adeemnu wanta kana dura barannee sammuu qabnuttii wanta dabalataa odeeffannoo duraanii gabbiisuu danda’u ida’achaa bal’isaa deemamu dha.
Mee barataan tokko yeroo jalqabaattii waa’ee lakkoofsa ida’uu baratee maalummaa isaa hubachuun itti ulfaatee haajennu. Dhawaata garu barataan kun wanta baratee muxannoo isaa waliin waliitti firoomsuun barachuu jalqabee fkn karameellaa lama immaammaan naaf kennitee abbaabaan immoo lama naabitee walittii meeqan qaba jedhee quba isaa lakkaa’un fi kkf jedhee of shaakalsiisuun kana irraa ka’uun baratichii isa kana duraa irra sirrittii galaa fi dhufee akaaku barachuu barataa kanaan gaggeeffamee maal jechuuni dandenya?


Haata’uu malee yeroo ykn haala tokko tokko keessattii yeroo hunda wanta hundaa muxannoo ofiin battalattii walittii fiduun ulfaataa ta’u danda’a. Kun kan ta’uu ykn qunnamu odeeffannoo wanta tokkonu walitti fidu hindandeenye dha. Haata’u garuu baratichii odeeffannicha yaadachuuf fedha qabaatee ykn nabarbaachisa jedhee murteessee adeemsa akaaku barachuu ofittii galfachuu/hammachuu (accommodative or transcendent learning) gaggeessu danda’a. Akaakun barachuu kun kan agarsiisuu odeeffannoo tana dura qabu hanga danda’ameettii jijjiiruun ykn caccaabsuu akka odeeffannoo haaraa kana sammuun ofitti fudhatu taasiisuu dha. Waan kana ta’eefis akaakun barachuu kun humna sammuu kan gaafatu dha. Barataan tokko burtukaannii qunca’ee nyaatama jedhee barsisaan barsiisee baratan ammo maaliif akka asheeta boqqoolloottii waaddinee hin nyaannee jedhee kaallattii haaraan hubachuu carraaqee jechuu dha.
Mee Tolosaan barataa kutaa 4 fedhii cimaa barnoota kompitaraa irrattii qabudha haajennuu. Tolosaan beekumsaa isaa kompitaraa cimsuuf yaalii adda addaa taasiisuu sooftiweerii adeemsa barachuu komitaraa salphiisuu kalaquun milkaa’ee beekumsii kompitaraa isaa garmalee dabalee fi wanta tanu dura hinbeeknee argatee odeeffannoo haaraa kana itti dabalatee. Akaaku barachuu kam agarsiisa?


Akaaku barachuu kana gaggeessuuf namnii kamiyyuu hanqinaalee qabu cee’u qaba malee salphaattii odeeffannoo haaraa ykn adda ta’ee fudhachuu/gonfachuu hindanda’u. Kun immoo humna kan nama gaafatu malee salphaattii odeeffannoo haaraa naqama muxannoo qabnuttii ida’u qofa miti. Bu’aan barachuu kanaas kan ifu takkitti baratamnaan kan salphaattii yaadatamu fi haala garagaraa fi barbaachisaa ta’ee argamee keessattii hojiiirra oluu ykn yaadatamu danda’u dha. Sababnii isaas muxannoo kanaan dura qabnu bira taruun ykn diiguun wanta baratamuu sana qaacceessuu fi xiinxaluun haala ofittii madaqfachuu ykn akka haaraattii ijaarrachuu waan gaafatuuf.
Akaakun barachuu gosa afuraffaa kanneen armaan olittii tuqaman caalaa humna fi baasii sammuu kan gaafatu dha. Akaakun kunis akaaku barachuu Tiraanisformativii ykn jijjiirun barachu(transformative learning) jedhama. Bali’naa fi gadi fageenya waan qabuf humna sammuu cimaa kaan gaafatu fi yoo takkittii injifatamee ykn keessaba’amee qaamatti, miraa gammachuu fi of gadhiisuun namattii dhagamu danda’a. akaakun barachuu tiraanisformeetivii akka ‘Mezirow’n (1997) hikameettii “gocha yaadqalbii ykn barachuu fuula duraa ofii qajeelchuuf adeemsa hikkaa kana dura qabnuttii ijaarrannetti fayyadamun hikkaa haaraa ofii irra deebi’amee muxannoo ofiif akkatolitti ijaarrachuu dha ” jechuun kaa’a. moodeela barachuu barataa akka uumama wanta baratee ofii isaatin itti gaafatamummaan qabiyyee barsiisaan dhiyeesseef gaaffii ofgaafachuun hikkaa gadifageenyaa ofii fi akka ofitoluttii hikkachuuf carraaqutti kabaja guddaa kennuu dha
Akaaku barachuu kamtuu irra caalaattii mana barumsaa tokkoffaattii hojii irra oluu danda’a. maaliifii? akkamitti? sababa yaada keeti ibsii ____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Akkuma ibsamu yaalameettii akaakuleen barachuu afran bal’inaa fi amala isaanitin garaagarummaa bal’aa qabu. Kan adeemsifamaniis ykn kakaafaman barataadhaan haala addaa fi qunnamsiistu(connection) garagaraan. Barachuun waliigalaa irracaalaattii kan barbaachisuu wayiti ijoolluummaa yoo ta’u barachuun tiraanisformativii ammo adeemsa barachuu haala barataaf iddoo olaanaa qabu fi taatee addaa keessattii humna sammuu cimaa itti baasuun jijjiirama amalaa ykn sansakaa fiidun xummuuramu kan danda’uu dha. Akka Piyaajetin ibsameettii akaakun barachuu lamaan adeemsa barachuu dimshaashaa, cimaa fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti gaggeeffamun beekaman barachuu walittii makuu/ida’achuu fi ofitti fudhachuu (Assimilation and accommodation) dha
Si’anattii gochii karoora barnootaa manneen barnootaa kan kaayyeeffate fi akka barattoonnii baratan taasiifamu hedduuminaa kan xiyyeeffatu barachuu ida’achuu ykn makuttii yoo ta’uu sababnii isaas kaayyoon barachuu ykn barachuu jechuun namoota kanaaf yaadrimee barnootichaa hubachisuu qofa waan ta’eef. Haata’u malee yeroo ammaa hubannaan akkasii kun kan guutu hin taanee fi ga’umsa hinqabnee dha. Dandeettii cimaa fi dorgomaa gonfanchuun kan danda’amu tarsiimoo barachuu fi barsiisuu akaakulee barachuu afran irrattuu yoo itti yaadamee ofeggannoon qophaa’ee dhawaata barattoonni gara adeemsa barachuu tiraanisformativittii akka ce’an taasiisuun wanta barsiisaan barsiisee bira taranii hikkaa ofii akka ijaarratan taasifamee dha barachuun lubbuu horatee ykn jijjiirama sansakkaa fi amalaa fidan kan jennu.
Yaadrimeewwaan sirriitti ifa taasiisuuf keeyyanni armaan gadi kan irratti xiyyeeffatuu barachuu madaqina, barachuu dagaagina irrattii xiyyeeffatee fi garagarumma fageenya zooni dagaagina irratti (adaptation-oriented learning, development-oriented learning and zone of proximal developments (Vygotsky’s concept of learning).
Barachuu madaqiina irrattii xiyyeeffatee (Adaptation-Oriented Learning) jechuunn namnii ykn gareen tokko gocha baratamuu sana osoo hin jijjiiriin ykn geddariin akkuma jiruttii gaaffii malee ulaagaa ykn haalduuree tokko guutuf barachuu yoo ta’u, akeeknii barachuu isaas hojii tokko muraasa ykn guutu isaa raawwachuu ykn fiixa ba’uu isaa ilaaluufi dha. Fkn safu, aadaa namni tokko kan baratu akka aadaa ykn safuu sana jijjiiruf osoo hin taane safu ykn aadaa sana waliin madaqee akka jiraatuf.
Barachuu Dagaagina irratti xiyyeeffatee (Development-Oriented Learning) kun immoo kan baratamu namnii /gareen tokko rakko kennamee tokko akkamu jiruttii hiikuf qofa osoo hin ta’in rakkinicha walitti fiduun furmaata haaraa kennuf yoo ta’u akeknii isaas sirna jiru bu’uura irraa hubachuun fi qaacceessuun akkamitti rakkinicha karaa addaatin hiikun akka danda’amu xiinxaluun gocha sana hojjeechuuf. Fkn barataan tokko herrega ykn saayinsii kan baratu wanta baratee akkuma jiruttii fudhachuuf qofa osoo hin taanee ka’umsa baratee sanattii fayyadamee akka barbaadeettii akka itti fayyadamu danda’ufi.
Ilaalcha keetin barachuu kamtuu irra caalaatti barbaachisaa dha jetta? Mee Fakkeenya barachuun armaan olii lamaanif kenni?


Zoonii garaagarummaa fageenya dagaaginaa (Zone of Proximal Development): akka ‘Vygotsky’n kaa’ametttii, zoonii garaagarummaa fageenya dagaaginaa jechun “garaagarummaa zooni fageenya dagaagina daa’immani sochii/yaalii dhunfaa qophaa daa’ima tokko fi qajeelcha ykn deeggarsa kunuunsiitoota/guddistoota/ga’eessootaa gidduu jiru dha.” Gaama biraatin yaada kana yoo ilaallee dhalli namaa kamiyyuu sochii dhunfaa isaatin hanga tokko dagaagu ykn barachuu yoo danda’uu hangi dagaaginaa ykn barachuu kun garu deeggarsi fi qajeelchii barsiisaa ykn maati yoo itti dabalamee hangi bal’ina dagaagina ykn barachuu sanaa humna sammuu isaa xurursee akka itti fayyadamu taasiisuun isa yaalii dhunfaa sana irra dabaluu isaa agarsiisuu ilaaluun maatii fi barsiisonnii zonii dagaagina daa’immanii ilaalun gochaalee barumsaa/barachuu zooni daangaa dagaagina daa’immanii bal’isuu danda’u wixineessuu qabu. Adeemsa barachuu keessatti daa’imman jalqaba barachuu kan eegalan gocha maati ykn barsiisaa garagalchuun ykn akkeessuun fakkeenya jalqaba irratti daa’imni tokko deeggarsa malee gocha tokko sirnaan fiixa ba’uu hin danda’u ta’a haata’u malee wayituma sanaa hanga tokko fiixa ba’uuyyu danda’a tari garu deeggeersii/qajeelchii maati ykn barsiisaa yoo jiraatee garu daraan gochaawwaan walxaxoo dabalataa hojjeechuun fiixa ba’uu danda’a. Garaagarummaan fageenya fiixaba’insaa ykn raawwii barachuu ykn dagaaginaa kun zooni garaagarummaa fageenya dagaaginaa jedhama. Kanaafu zonii garaagarummaa fageenya dagaaginaa jechuun gabaabaadhumattii fageenye hanga raawwii daa’imni tokko deeggarsa ga’eessaatin ba’achuu danda’uu fi yaalii ykn sochii dhunfaatin ykn deeggarsa malee raawwachuu danda’uu dha. Kanamalees wantii hubatamuu qabu daa’imti kamiyyuu yeroo murtaa’ee ykn sadarkaa umrii tokkotti gochawwaan raawwachuufi raawwachuu hindandeenya qaba kanaaf gaheen maati fedhii daa’immani ykn qophaa’ummaa daa’immanii gocha dagaaginaa tokko gonfachuuf taasiisan dhiheenyaan hubachuun deeggarsaa yokkeenneef saffiisni gonfannaa gocha dagaagina sanaa dabalu mul’isa zoniin garaagarummaa fageenya dagaaginaa.
Jaalatamtoota barattoota! Yaadnii Vigootiski zoonii garaagarummaa fageenya dagaaginaa manneen barnootaa keessatti hojiirra oola jettaa? Yaada kee ibsii _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Baru-barsiisuu/barumsa keessatti yaadrimee kana hubannaa keessa galchuun barbaachisaa dha. Sababni isaas akkamittii humna barachuu daa’imman deeggarsa ga’eessaatin xuruursani akka itti fayyadaman taasiisuun galma barachuu olaanaatin ga’un akka danda’amu carraa yaadachisuu barsiisootaaf waan kennufi dha. Akka amantaa ‘Vygotsky’tti saayinsiin baru barsiisuu kamiyyuu carraa gara dagaaginaatti geessuu uumu qaba. Bu’aan deeggarsa maatii ykn ga’eessaa daa’imman aadaa isaani bal’aatti akka madaqan taasiisuun akka dagaagina sammuu gonfatan jajjabeessa ykn haala mijataa uumaaf(Moll, 1994).
Zoonii garaagarummaa fageenyaa dagaaginaa sirrii fiiduuf deeggarsii daa’immaniif barsiisaan ykn ga’eessa kaminuu taasiifamu bifa lama qabaachu qaba. Inni jalqabaa hubaannaa dhuunfaa (subjectivity), yoo ta’uu innis kan ibsuu adeemsa namoonnii lama gocha tokko hubannaa garagaraan jalqabuun dhawaata gara hubannaa waliinitti irra ga’anii dha. Biftii lammaffaa Deggarsa ofdandeessiisuu/iskaafoldingi (scaffolding), yoo ta’u innis kan agarsiisuu jijjiirama akkaataa deeggarsaa ykn qajeelchaa sadarkaalee baruu barsiisuu adda addaa irratti dhufu dha. Deeggarsii ofdandeessissuu keenya bu’aa qabeessa yoo ta’ee sadarkaan raawwii to’annaa barachuu ni jijjiirama kana jechuun sadarkaan raawwii barataa gocha barachuu sanaa dabalaa ykn foyya’insa qulqullinaa agarsiisaa adeema jechuu dha.

Fakki deeggarsa maati gochawwaan dagaaginaa fiixa baasuuf taasifamu(Scafolding)

1.1.3 Qabattoota Barachuu irratti Dibbaa Geessiisan (Factors Affecting Learning)
Adeemsa hojii barubarsiisuu hanga ammaa dabarsitee keessatti akka daree fi mana barumsaa ykn naannoo keettii qabattoonnii barachuu barattootaa irrattii kara milkaa’inaanis ta’ee gufuu ta’un dhibbaa milkaa’ina barachuu barattootaaf dhibbaa geessisan barreeffama armaan gadii dubbiisuun dur altokko yaadun qabattoota sana tarreessii?


Sirnaan itti yaaddee tarreessitee taanaan baay’ee gaaridha wanta tarreessite sana duukaa walbiira qabun yaadoota armaan gadi sirnaan dubbisi. Akkuma hundaa ifa ta’eettii qabattoonnii barachuu nama tokko irratti karaa qajeelaanis ta’ee faallaan dhibbaa geessiisan ni jiru. Qabattoonnii kanneen barachuu jajjabeessan/saffiisisan qabattoota qajeelawaa ykn poozativawaa yoo ta’aan kannen barachuu gufachiisan ykn dubattii harkisan faallaa ykn negativaa jedhamu. Xiyyeeffannoon keenya asirratti qbattoota dhibbaa faallaa qabani irratti dha.
Jaalatamtoota Barattoota! Mee akka yaada keetti maaltu akkamitti barachuu kee irratti dhibbaa geessiisa? _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________ Barachuu waliin rakkon jira kan jedhamu yoo wanti baratamu yaadame hinraawwatin, gonfatamin, guutu hin taane fi kan baratamu qabu irraa dabe dha. Manneen barnootaa, barnoota, iddoo hojittii fi haala hedduu biroo keesstti yeroo baay’ee wanta barachuu qaban ykn gonfachuu qaban osoo hin baratin hafu. Waan kana ta’eefi sababa barachuu dadhabaniif irratti ykn kana ta’eef ilaalun barbaachisaa dha. Dhugaadha hundii keenyaa altokko tokko waan dogoggoora barachuu keenya guutummaa guututtii dhabamsiisuun ulfaataa ta’un isaa kan hin ollee dha.
Haallii jalqabaa dogooggora barachuu (mislearning), rakkoo dogoggoora hubachuu, xiyyeeffannoo dhabu, bu’uura irraa ga’umsaan barachuu dhabu fi kkf irraa kan dhufu yoo ta’uu haallii kuun kan nama arsuu fi altokko tokko carraa qabeessa ta’ummaan nutty akka dhagahamu taasiisuu danda’a. haata’umalee rakko dogoggoora barachuu hedduu salphaan sirreessuun ni danda’ama.
Haata’u malee yeroo ammaa barachuu dhisuu fi doggoggora barachuun (non-learning and mislearning) wanta salphaatti ilaalamu miti. Sababnii isaas haala waliigala ta’een seenaa dubduubaa mataa isaa kan qabu dha. Kanaafs gama tokkon rakko kana qorachuun fi hubachuun barbaachisaa ta’a.
Dogoggoora barachuu fi barachuu dhisuu sababa mataa isaa qaba. Sababoota kanas qabattoota barachuu irratti haala dhibbaa uumaniin walumaa galattii muraasni isaanii qabattoota alaa yoo ta’an kanneen hafan ammo qabattoo keessoo ta’u danda’u. Qabattoota dareen alaa keessaa akka fakkenyaatti eerun yoo barbaachisee dhaala sanyii fi sadarkaa jireenya maati fudhachuu dandeenya. Barsiisaan dhaala sanyii jijjiiruu ykn foyyeessu hin danda’u haata’u malee itti fayyadamuu fi dagaagsuu danda’a. Gama barattoonni dhaala sanyii maati irraa horataniin dandeettiin isaani gargar ta’u danda’a. waan kana ta’eefis saffisni fi dandeettiin barachuu barataa tokko dhaala sanyiitin murtaa’u danda’a.
Haallii qaamaa fi jireenya manaa akkasuma barachu irratti dhibbaa qaba fkn, dadhabbina qaamaa, dhukkuuba, nyaata ga’aafi madaalamaa dhabu, nuffiin, fi fayyuummaan gadhee ka’u yoo danda’aan kanneen armaan olitti ilaallee qabattoota daree barnootaatin ala ta’ani dha.
Karaabiraatin qabattoonni keessoo daree barnootaatin(claasroom factors) walqabatan ni jiru.
i. Galma fi kaayyoo barachuu dursa kaa’ame: Kaayyoo barachuu barnoota tokko barattoonii ifattii yoo hin beeknee wanta barachu qabanii fi hin qabnee adda baasuu waan rakkataniif xiyyeeffannoo isaani hatun barachuu isaani irratti dhibbaa gessiisuun milkaa’ina barachu isaani irratti dhibbaa fida.
ii. Gochaalee barachuu(learning activities): barachuun kan bu’ureffatu gochaalee fi muxannoo barachuu barsiisaan dhiyeessuni fi barattoonni raawwataniin murtaa’a. yaada kana kara lamaan ilaalun ni danda’ama; kana baratu barataa waan ta’eef fedhi barachuu qabaachuu fi humna sammuu isaa baasii gochuu yoo qabaatu gama biraatin barachuun bu’aa wanta barataan meeshaa barnootaa isaatin hojjeetu fi meeshaaleen barnootaa isaa isa fayyadaniin dha.
i. Yaad-qalbii siaayinaa /Motivational Behavior/ - Barnoota daree keessatti siaayinni barattootaa barbaachisaa dha. Siaayinni fedhii barachuu barattoota keessatti uumuudhaan barachuuf tattaaffii akka godhan humna taasisuu dha. ii. Fedhii /Interest/: Barachuun haala gaariidhaan raawwachuu kan dandau yoo barsiisaan barattoota keessatti fedhii uumuu dandaee dha. As keessatti gaheen barsiisaa barachuu barattootaa gargaaruuf kakaasota sirri taan haala sirri keessatti dhiheessuu dha.
iii. Qalbeeffannaa /attention/: Qalbeeffannaan waan tokko yookiin yaada tokko irratti sammuu keenyaan xiyyeeffachuu dha. Qalbeeffannaan wantoota barachuu bua qabeessa taasisan keessaa isa ijoo dha. Barsiisaan daree keessatti qalbeeffannaa barattootaa mirkaneeffachuuFi booji’uu qaba. iv. Shaakala /Drill or practice/-Irra deddeebiuun shaakaluun barachuu bua qabeessa kan taasisu yoo tau, fedhii fi qalbeeffannaa barattootaas harkisuuf gargaara.
v. Bututuu /fatigue/- Dadhabbii bakka sadi’itti qooduun ilaaluun ni danda’ama. Isaanis dadhabbii irree/mascular/, dadhabbii qaamota miiraa fi dadhabbii sammuuti. Dadhabbiin irree fi dadhabbiin qaamota miiraa dadhabbii qaamaa jalatti ramadamu. Dadhabbii sammuu kan jenuun ammoo sirna narvii jiddu galeessaan kan walqabate. Dadhabbiin sammuu /mental fatigue/, hifachuu /nuffuu/, fedhii dhabuu, mala baru-barsiisuu gaarii hin taane fi kkf of keessatti hammata. Kanaafuu, barsiisonni mala baruu-barsiisuu gaarii taettii fi meeshaalee deggarsa barnootaatti gargaaramuun, yeroo barachuuf mijataa tae filachuu fi kkf. rakkoo kana hambisuu ni dandau. vi. Dandeettii addaa/Aptitude/- Dandeettiin addaa haalota yookiin xabiyyoota nammi tokko leenjiidhaan beekumsa, ogummaa, dandeettii waa dubbachuu, dandeettii muuziqaa fi kkf qabachuu isaantiif mallattoo tauu dandaanii dha. Kanaafuu, barachuu keessatti dandeettiin addaa barbaachisaa dha. vii. Ilaalcha /Attitude/- Ilaalchi barattoonni gosa barnootaa yookiin mata duree tokkoof qaban barachuu barattootaa irratti dhiibbaa waan qabuuf barsiisonni ilaalcha barattoonni qaban kana addaan baafachuu qabu. viii. Haalota currisaa /Emotional conditions/- Barattoonni qabxii gaarii yoo galmeessisan onnachiifamuu qabu. Barattootaa oonachiisuun barattota jajjabeessuun caalmatti akka hojjatan ni taasisa. Kana malees ofitti amanttummaa, abdii, of-dandaummaa fi of-kabajuu akka dagaagfatan isaan gargaara. Gara laafummaan barsiisaas barattoota nageenyummaan akka itti dhagahamu taasisa. Barsiisonni amala dogoggora barattoota irraa barbaaduu hambisuu qabu. Dogoggora barattoota qofa barbaaduun barattoota keessatti soda, nageenyummaan itti dhagahamuu dhabuu fi ilaalcha gad-aantummaa uuma.
ix. Umrii – Gochaaleen barachuu haala umurii barattootaatiin tauu qabu. Fakkeenyaaf mucoolee/ infants/ irraa rakkoo hiikuu akka dandaan irraa hin eegamu.

x. Battallee /Testing/- Garaagarummaan barattoota jiduutti ulatu kan safaramu battalleewwan/qormaata/adda addaatiin. Qormaatni barachuu barattootaa ilaalchisee jijjiirama jiru beekuuf gargaara. Kanaaf battalleen gahee qajeelchuu, onnachiisuu yoo hin hojjeenne altokko tokko abdi kutachisuu fi xiqii hojii keessa nama galchuu waan danda’uuf milkaa’inni ykn milkaa’ina dhabu yaali ykn battallee barachuu barattootaa irratti dhibbaa geessiisa. xi. Gaayidaansii/Guidance/-Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti tajaajila gorsaa/guidance/barbaada. Namootni tokko tokko tajaajilli gorsaa dhaabbataan kan isaan barbaachisu yoo tau, kanneen biroo ammoo darbee darbee qofa isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf daaimman gaeessota caalaa tajaajila gorsa isaan babaachisa.
Tajaajilli gorsaa dhimmoota barumsaa (haala qayyabannaa, gosa barnootaa filachuu), dhimmoota hojii (fkn. hojii filachuu), dhimmoota dhuunfaa (fkn. hiriyaa filachuu), dhimmoota bashannanaa (fkn. waan isaan bashannansiisu filachuu) fi kkf irratti ijoollee gargaruu of keessatti hammata. Walumaagalatti, tajaajilli gorsaa rakkoolee barattootaa barachuun walqabatuu fi wal hin qabannes of keessatti hammata.

Barachuu dhisuu fi dogoggoora barachuun akka qabattoota barachuu irrattii dhibbaa qabanittii hubachuun/fudhachuun danda’amaa? Maalif? Akkamitti mee yaada kee kenni.


Qabattoota alaa fi keessaa barachuu irrattii dhibbaa qaban jettu biree himi?

Gochoota kutaa
Jaal Barattoota! Gochooleen armaan gadii kan dhiyaatan hubannaa kee yaadrimeewwaan kutaa kana keessatti ilaallee/ka’an irratti mirkaneessuuf waan ta’eef gaaffilee dhiyaatan hunda ofeeggannoon hunda isaani yaali..

  1. Yaadrimee barachuu ilaalchisee maal hubattee mee himi?
  2. Akaakuleen barachuu maal fa’a? kanneen kamtu sadarkaa mana barumsaa ati barsiistuuttii hojii irra oolu danda’a?
  3. Qabattoota barachuu irrattii dhibbaa geessiisan beekun maaliif barbaachisee? Akkamitti beekun danda’ama?
  4. Qabattoota barachuu irratti geessiisan muuraasa himi ti? Akkamitti dhibbaa geessiisuu dnda’uu?

Kutaa 1.2. Yaad- Hiddammoota Barachuu
Mata dureewwan darban keessatti yaad- rimeewwan barachuu irratti hubannoo arganeera. Boqonnaan kun ammo yaad- hiddamoota adda addaa irratti ibsa kenna. Kunis kana agarsiisuu namoonni adda addaa haala walfakkaataa ta’een barachuu akka hin dandeenyedha. Saayikolijistoonni barumsaa yaad- hiddammoota heddu madisiisaniru. Moojiilii kana keessatti garu yaad- hiddamoota barachuu yaad- qalbii, yaad- hiddammoota barachuu yaad- sammuu, yaad-hiddamoota barachuu konistiraktivistii irratti xiyyeeffata.
Hiikkaa Yaad- hiddama Barachuu
Yaad-hiddamni barachuu Maali ?
Gaarii ! yaad hiddamni barachuu waa’ee baruu fi barsiisuu addeessuudhaan, bu’uura jijjiirraa yaad- qalbii kan ta’an mata dure adda addaa nu hubachiisa. Akkaataa itti odeeffannoon galma’uu , bilchaatu fi yeroo barachuu kuusamu kallattii agarsiisa, Gara yaad- hiddamoota adda addaatti ibsuutti deemuun dura gaaffiilee armaan gadiif deebii kennuuf yaalii !

  1. Waan haaraa tokko barachuu barbaada jenna? Haala akkamiin itti deemta?
  2. Waan haaraa yeroo baratu waan barate yaadachuuf maal goota?
  3. Yeroo waan tokko barachuuf karoorsitu yaadni waa’ee barachuu qabate kaatee maali?
    1.2.1 Yaada- hiddama Barachuu Yaad qalbii (Behaviorist theories of learning)
    Gaarii ! Yaad- hiddamni , kun dhuma jaarraa 19ffaaf jalqaba jaarraa 20ffaatti nama J.B ‘Watson’ jedhamuun jalqabame. Akka saayikolojistoota kanaatti barachuun jijjiirama yaad- qalbii mul’ataa qofa ta’ee kana adeemsifamuudha. Yaad qalbii fi sababoota barachuu ibsuuf yaad- qalbii mul’ata irratti xiyyeeffatu. Saayikolojiin yaad- qalbii qabatamaa irratti saayinsii hundaa’ee qo’annaa gaggeessuu akka ta’eetti ibsuu. Yaad qalbiin safaramuu fi daawwatamuu xiyyeeffannaa saayikoloojii ta’uu qaba jedhanii amanu saayikoloojiin yaad- qalbii dalagaan mirkaneeffamu irratti xiyyeeffachuu qaba.
    Yaad- qalbii mul’ataaf xiyyeeffaannaa akka kennus J.B Watson akka armaan gadiitti yaada dhiyeeseera.
    “ Daa’imman fayyaa baay’ee naaf kennaa leejiidhaan waanan barbaade gochuun danda’a. Fkn Doktara, Abbaa seeraa Artistii Daldalaa, kadhatuu, haat’uu kkfn gochuu nan danda’a!!” J.B Watson.
    Kanaaf Mee yaada matakeetiin yaad – hiddama Barachuu Yaad- qalbii ibsii ?
    Gariidha akka yaad- hiddama yaad- qalbiitti barachuun yaad- qalbii mul’ataa irratti hunda’a. Muuxannoo Qabatamaa hintaanee irraanfachuun yaad- qalbii qabatamaa qofa fudhatu.
    Ilaalcha yaad- hiddama kanaan amaleessuun adeemsa walitti dhufeenya kakaasota irraa barachuuti, Yaada hiddamni barachuu yaad- qalbii bakka lamatti qoodamu. Isaanis yaad hiddama barachuu yaad- qalbii amaleessuu durii(classical conditioning) fi yaad- hiddama amaleessuu warraaqqiiti(operant conditioning).
    Yaad- hiddama amaleessuu Durii
    Waa’ee yaad- hiddama amaleessuu durii maal beekta?
    Amaleessuu durii keessatti walitti dhufeenyi kakaasa himbaabsawaa (neutral stimulus) fi kakaasa uumamaa ( natural stimulus) jiddu barumsaa dhufu ilaaluun ni danda’ama. Yaad hiddama kana kana hundeesse nama biyyaa [aastiyaa isaan paatroovich Paavloov jedhamuun jalqaba jaaraa 20ffaatti “ Paavloov” yaad- hiddama kana argachuu kana danda’ee qo’annaa Mana yaalii ( Laboratory ) keessatti saree irratti adeemsiiseen turee.
    “ Paavloov” saree qorannoo isaa irratti adeemsiise kanaaf nyaata foonii yammuu kennu , sarichi goroora cobsuu isaa hubate nyaatni uumamaan goroora cobsiisuu isa hubate, nyaata kakaasa uumamaa jedheee moggaasee, Sareen kun nyaata argeef gorooru isa ammo deebiisa uumamaa jechuun moggaase, kanaatti aansee sagalee bilibilaa dhageesiisee, sareen garu goroora wayiituu hin cobsiine.
    Paavloov itti fufuun sagaleen bilibilaa nyaata wajjin walitti hidhamee humna goroorsiisuu argachuu qaba jedhee mala dhahee, sagalee bilbilaaf jalqaba irratti sareen deebii hin kenniinee. Haata’u malee erga nyaataan walittiaanee yeroo dheeraaf dhiyaatee boodaa ofiisaatiif garoora cobsiisuu danda’eera.
    Bu’aan qorannaa kanaa akka addeesseetti kakaasni uumamaa fi kakaasa amaleessamaa wal-bira qabuudhaan, dhalli namaas ta’e bineensonni biroo deebiisa haaraa akka baratu leenjisuun ni danda’ama, seeraa amaleessuu duriitiin kakaasni amaleessamee gahee kakaasa kumamaa akka taphatu gochuu danda’ama.
    Yaalii kana chaartiidhaan yemmu ilaaluu akkana fakkaata.

I. Amaleessuun Dura.
K.U ( Kakaasa Uumamaa ) soorata ______ Deebiisa uumamaa ( Gorora )
K.A ( Kakaasa Amaleessamaa) sagalee Bilbilaa _ Deebiin hin jiru
II. Wayitii Amaleessuu
Bilbila + Soorata _______
Gorora
( KA) ( KU ) ( Du )
III. Amaleessuun Booda
KA __________ Gorora
(Sagalee bilbilaa) (Deebuiisa Amaleessama) (DA)
Amaleessuun Paavloov elamantota ijoo armaan gadii kan of keessa qabuudha.

  1. Kakaasa uumamaa ( KU ): kakaasa naannoo jiran keessa barumsa malee deeniisa ta’e tokko burqisiisuu kan danda’u.
  2. Deebisa uumamaa ( DU): Kakaasni uumamaa nurra qabachuu isaatiif deebisa kennamuudha.
  3. Kakaasa Amaleessamaa (KA): Kakaasa qofaa isaa deebisa uumamaa uumuu hin dandeenyee garuu, kakaasa uumamaa wajjin walitti madaqee, deebisa walfakkaataa argamsiisuu kan danda’u.
  4. Deebisa Amaleessamaa( D.A): Deebiisa kakaasa amaleessuun dura homaa hin turreef
    ( KA) kan kennamuudha.
    Gocha- Yaad- hiddamni Amaleessuu durii nama irratti kana hojjeetu sitti fakkaataa? Akkamitti ? Ibsi?
    Adeemsa amaleessuu Paavloov keessatti seerdaandiwwaan afur adda bahaniiru, isaanis
  5. Madaquun fudhachuu (Yaad- qalbii, Haaraa gonfachuu (Acquisition) Yeroo Deebiisni amaleessamaa jalqaba baratameedha. Kakaasni amaleeffamaa yeroo dhiyaatu osoo hin turiin wayituma sana kakaasni uumamaa yoo hordofee amaleessuun sadarkaa olaanaa irra gaha.
  6. Manca’uu (Extinction): Al tokko deebiisni amaleessamaa baratame jechuun yeroo maraaf tura jechuu miti, sareen sagalee bilbilaa nyaata male yeroo dheeraa yoo dhiyaateef sagalee bilibilaaf deebisa kennuu xinneessaa deemee dhumarratti ni dhiisa. Adeemsii deebisni amaleessame tokko sababa kakaasni uumamaa kakaasa amaleessamaa bira yeroo dheeraaf hafeen dadhabaa deemuu fi dhumarratti mul’achuu dhiisuun manca’uu jedhama.
  7. Walitti qabu (Generalization): Adeemsa deebisni amalessaamaan kakaasoota biroof kana kakaasota amaleeffamaa fakkaataniif kennamu garsiisuu dha. Fkn, mucaan saree tokkoon ciniinsmee sarroota mara sodaataa.
  8. Addaan Baasuu (Discrimination): Adeemsa addaan baasuu adeemsa walitti qabuun faallaadha. Kakaaslota walfakkataniif deebiisa wal hin fakkaannee kennuudha. Kana jechuuniis kakaasa amaleessamaa malee kakaasoota kana fakkaataniif deebisa kennuu dhiisuun addaan baasuu kan mul’isuudhaa. Fkn Mucaan saree itti iyyuu qofaaf deebiisa sodaa agarsiisuu danda’a. fkn biro ammo Lameessaan foollii shittoo hiriyyaa dubaraa isaa jaalatee kanneen biroof ammo currisa godhee yoo agarsiisee.
    Gocha: Haaloota armaan gadiitti gadiitti ibsaman keessatti yaada yaad hiddama amaleessuu duriitiin (KU, DU, KA, DA) adda baasii.
  9. Badhaatun hanqina qarshii waan qabduuf hotela mana cisiichaa gatii xiiqaa qabu guyyaa tokko yeroo dabarsitu taffiin ishee ciniinaa bulee, kana booda hoteliicha yeroo agartu qaama ishee hoksiisa. Adeemsa kana keessattii gaaffilee armaan gadii deebisi
    KU___________________________________________
    DU _______________________________
    KA _______________________________
    DA _______________________________
    Yaad- Hiddama Amaleessuu Warraaqii
    Yaad- hiddamni amaleessuu inni lamaffaa yaad- hiddama’ Amaleessuu warraaqqii jedhama yaad- hiddamoota barachuu yaad- qalbii keessaa baayyee bayyeessa waan ta’eef yaad- hiddama amaleessuu durii irraa haala galeessadha( flexible). Akka yaad- hiddama kanaatti gochi tokko yoo waan gaariidhaan hordofame deddeebi’ee mul’ata. Akkasumas yoo waan gaarii hin taaneen hordofamee garu dedeebi’ee mul’achuun isa ni xiqqaata. Fakkeenya haatii yeroo mucaan ishee mana Cisiichaa qulqulleessuu onnachiisa yoo kennitee yaad- qalbii qulqulleessuu isaa ni cima. Onnachiisa kennuun osoo dhaabatee garu dadhabaa deema.
    Hayyuun yaad- hiddama amaleessuu warraaqqii kanaa “B.F, Skinner” jedhama, “ B,F, ‘Skinner” Yaad- hiddama isaa kana dagaagsuuf qorannaa bineensota hantuuta fi gugee irratti gaggeese. Hantuutni saanduuqa Iskinar yaaliif qopheesee wayitii kaahamtu, asii fi achi wixirfachuudhaan, saanduqa keessa Marmaaruutti kaate, kanuma keessaa akka tasaa furtuu saanduqichaa wayita tuqxu sanyiin qamadii bakka itti kuusame keessaa harca’e . Yemmuu kana hantuutni firii qamadii funaanattee nyaatte. Kana booda haantuuni, sanduuqa keesse asii fi achi fiiguu dhiistee, qajeela gara furtuu tuquutti fiiguu jalqabde . Furtuu tuquu baratee jechuudha..
    Elamantoota ijoo yaad-hiddama amaleessuu warraaqqi (onnachiistuu fi adabbii)
    Onnachistuu: Haala gocha tokko hordofe carraa deebi’ee mul’achuu isaa bal’dhisuudha kana jechuun onnachiistuun deebisa tokko yoo hordofe ni cimsa, Onnachiistoonni gosa gurguddoo lamatti qoodamu.
    Onnachistuu qajeelaa(Positive reinforcement): Yaad qalbii gaarii waan namni sun barbaaduun hordofuudha.Yaad- qalbii namas ta’e binensotaa kallattii qabsiisuuf human qaba. Fkn nyaata, dhugaatii Raajeefachuu, qalbeeffannaa kennuu fi kkfn dha. Daree keessattis Badhaasa, barattoonni waan baratani irratti bilisummaa akka qabaataa gochuu fi kkfndha.
    Fkn, Barataa barataa deebii sirrii daree keessatti deebiisee jajjuu, onnachiistuun qajeelaa yaad- qalbii kan cimsuu gammachuu argamsiisuuni.
    Onnachiistuu faallaa(negative reinforcement): Haalli rakkisaa akka nurra hin geenyee yaada qalbii barbnaadamu agarsiisuudha. Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti adabbiitti fayyadamanii yaad- qalbii hin barbaadamnee tokko dhaamsuun rakkina heddu qaba. Keessumayuu daree keessatti kana fayyadamnu yoo ta’e yaad- qalbii aarii, soda, dhiphina, Finciluu dagaagsuu danda’a.
    Fkn Onnachiistuu faallaa, Munira wayitii iddoo hojii deemtu konkolaataa eeguun rakkina barfachuu ishee qunamu hambiisuuf ganamaan dursitee argamuun sa’aatii kabajee iddoo hojiitti argamu jalqabde. Badhaasa: Konkolaataa argachuu. Onnachiistuu faallaa: yeroo dursitee hojii deemuun rakko konkolaataaf akka ishiin hin saaxilamne godhe. Fkn Adabbii
    Joteen yeroo obooleessa isaa rukkutu mara abbaan isa ija itti babaasa, waan kana ta’ee Joteen obbleessa rukkutuu dhiisee.Yaad- qalbii __ Oboleessa rukkutuu Adabbii: Abbaan ija hamaan ilaaluu. Adabbiin ija hamaan ilaaluun joteef kenname kun yaad- qalbii oboleessa rukkutu jotee akka hir’atu godheera.
    Yaadoota armaan olitti ka’an irraa yoo ilaallu onnachiistuun yaad- qalbii barbaadame dagaagsuuf baayee barbaachisaa ta’u isaati. Yaad qalbii barbaadamu tokko erga uumame booda mala yaad- qalbii qaruu (shaping) fi sagantaa onnachiisaan akka turuu ykn deddeebi’ee akka mul’atu taasiisama, Onnachiistuun itti fufaa wayitii yaad- qalbiin haaraa dagaagaa jiru hanga inni ittituutti osso kenname barbaachiisaadha. Yaad qalbii gaarii erga ittitee booda garu akka si’aayinaan turu gochuuf onnachisuu kukkutamaa (Intermittent Schedule of Reinforcement ) fayyadamuun barbaachisaadha.

Fkn Akkaataa itti Onnachiistuu fi Adabbiin kennamu
Akaaku onnachiftu/adabbii Ibsa Fakkeenya
Onnachiftuu qajeelaa Wanta nama gammachisu tokko argachuun itti fuufinsa yaadqalbii jajjabeessa Barataan gaaffii akka gaafatu dinqisiifachuu ykn harka rukuchiisuufi barataan yaadqalbii gaaffii gaafachuu itti fuufinsaan akka agarsiisuu taasiisuu
Onnachiftu faallaa Wanta hin jaalannee/adabbii irraa kaasun yaadqalbiin akka itti fuufu jajjabeessa Ebbisaan dheekkama abba isaa sodaachuun hojiimanee sirritti hojjeeta kanaaf dheekkamsuun irraa hafee
Adabbii qajeelaa Wanta hin jaalannee argachuun mul’achuu yaadqalbii hin barbaachifnee xiqqeessa Barataa gaaffii heeyyamamuf malee sagal gaafatu barsiisaan fuula irraa garagalchuun ykn carraa kennuufi dhisuun yaadqalbi sagala gaafachu isaa akka hir’isuu taasiisuu
Adabbii faallaa Wanta jaalatamu tokko irraa kaasuun yaadqalbiin hin barbaachifnee akka badu ykn xiqqaatu taasiisu Barataa rakko naamusaa agarsiisee mana barumsaa iraa adabu

Gocha : Adda addummaan amaleessuu Durii fi Amaleessuu warraaqii Maali ?

1.2.2. Yaad- Hiddama Barachuu Yaad- Sammuu
Yaad- hiddama barachuu yaad- Sammuu yaad- hiddama barachuu yaad- Qalbii mormuun ka’ee. Akka yaad- hiddama barachuu yaad- qalbiitti barachuun kan hunda’u walitti dhufeenya kakaasa fi deebiisa irratti.Saayikolojistoonni yaad- sammuu yaad- qalbii garu Barachuu kan ilaalani karaa yaad- qalbii mul’ataa ta’een miti. Yaad- hiddamni yaad- sammuu barachuun kan hunda’uu, caasa yaad- sammuu ykn ijaarsa sammuu namaa keessatti uumamuu irratti akka ta’e ibsuu.
Barachuu keessatti wanti ijoon akkaataa itti sammuu keessatti odeeffannoo bilcheesineuudha ( Guuttachuu, yaaduu, yaadachuu, kakaasa fi deebiisa sammuu keessatti walsimiisan ). Yaad sammuun barachuun adeemsa namni tokko damaqinaan odeeffannoo sasaabuu, hiiku, hubachuu fi xiinxaluudha. Ifaajeen yaalii hedduu booda rakkoo tokkoof furmaata argachuudha.
Yaad- hiddamni barachuu yaad- sammuu garee ilaalchoota hedduu hammata. Haata’u malee mojuula kana keessaa garu ilaalcha yaad- hiddama odeffannoo bilcheessuu fi yaad- hiddama yaad- sammuu piaget ilaala.
I. Odeeffannoo Bilcheessuu
Akkataa itti yaadnu, sababeessinu odeeffannoo funaanu, kuunsnu fi itti fayyadamnu irratti xiyyeeffata.
Modeela odeeffannoo Bilcheessuu

Miirreessuu Qalbeeffannaa Ku Kuusaa
xiyyeeffannaa

                                                                                            Deebiisani itti fayyadamu( 

retrieval)

Modeela odeeffannoo bilcheessuu armaan olitti caqasameetti odeeffannoon tokko naannoo irraa gara caasaa sammuu seenee bilchaachuuf sadarkaa jaha keessa hulluuqa. Isaanis

  1. Miireessuu 2. Guuttachuu 3. Qalbeeffannaa 4. Galmeessuu miiraa
  2. Sammuutti qabann yeroo dheeraadha.

Akka yaad- hiddama odeeffannoo bilcheessuutti adeemsi barachuu sirna odeeffannoo bilcheessuutiin gaggeeffamu dalaga kompitaraatiin wal fakkaataa dha, kompitarri daataa alaatti dabalamu ( itti naqamu ) tokko fudhatee, akka ta’utti bilcheesee kuusuudhaan, dhimma barbaadameef akka oolu godha. Sammuun namaatis karuma walfakkaataa ta’een odeeffannoo naanoo funaanee bilcheessuudhaan waa’ee tokko barachuun akka raawwatamu godha.
II. Ilaalcha sadarkaalee Dagaagna Yaad- sammuu Piaget
Jiyaan Piyaajet mala ijoolleen gochaalee ittiin raawwatan, rakkoolee ittiin hiikanii fi yaad- rimeewwan hedduu itti hubatan irratti yaalii fi qorannoo gadi- fageenyaan gaggeessuudhaan akkaataa daa’imman itti yaadanii baratan ilaalchisee hubannoo namootaa jijjiireera.
Sadarkaaleen dagaaginaa yeroo itti namoonni yaad- qalbii sadarkaalee kaan irra adda ta’e uumataniidha. Dhugaalaa adeemsa sadarkaalee dagaagina yaada-hiddama yaadsammuu.

  1. Namoonni sadarkaalee dagaagina adda addaa keessa darbu, Sadarkaan dagaagina haaraa isa duraa irratti bu’uureeffata.
  2. Sadarkaaleen dagaagina umuriin walqabatu
  3. Dagaagini kan hin dhaabaneedha Sadarkaaleen dagaagna tokko tokkoon isaan dandeettii qulqullinaan kanneeen biro irra adda ta’eeti keessatti dagaaga.
    Haaluma kanaan piyaajet sadarkaalee dagaagina yaad- sammuu dhala namaa afuuriitti qoode. Isaanis sadarkaa Senserii- Mootorii (miir- sochii), sadarkaa hubannoon duraa, sadarkaa waanta qabatamaan yaaduu fi sadarkaa sirnaan yaaduu jedhamu.
    I. Sadarkaa sochii qaama miiraa ( Dhaloota – Waggaa 2 )
    Daa’imtichi qajeelatti kana hubatu fi kan baratu qaama miiraa shananii fi gochaalee mataa isaa irraayi Hnaga waan tokko raawwatu hin yaaduu- wayitii kana daa’imman aduunyaa isaani kan hubatan miiraan sochoosuun, qaqqabachuun dhamdhamuun waan ta’eefidha, wanti hunduu jiraachuun isaa kan beekamu yoo itti mul’ate qofaadha.
    Akka piyaajeetti Iskema (scheme) jechuun akkaataa yaada fi gocha haalaan qindaa’e walii galee babal’achuu fi fooyya’ee bifoota jireenyaa adda addaa ofitti madaqsuu ykn keessummeessuu danda’u jechuudha. Piyaajeedhaaf iskiimi ( scheme) ykn beekumsi daa’immanii fakkaataa ( appearance) ykn hubata ( perception ) jechuudha.
    Sadarkaa kana keessatti daa’imman qajeelchaatti yaaduu hin danda’an Umuriin kun yeroo gochi yaada itti dursuudha.
    Yeroo kana barachuun miiraa fi gocha adda adda irratti hunda’a qalbiin daa’immani jalqaba gara naannoo uumamaa isaaniitti diriira yaad qalbiin isaanii guutummaatti hojjechuun barachuu irratti hunda’aa.
    Muucooleen fedhii namaa hubannoo keessaa galchuun waa hojjechuu waan hin dandeenyeef ofitummaa agarsiisuu. Muucooleen fedhiin isaan beekumsaaf qaban gara waanti haarawaa ta’e hubachuuf yaalii gochuuti isaan erga.
    Jalqaba wayitii kanaatti daa’immaniif waanti miiraan alaa sammuun ala . Haa ta’u malee naannoo ji’a 8 – 12 daa’immni tokko meeshaa ittiin taphachaa ture tokko osoo irraa fuunee ykn jalaa dhoksiinee ni boo’a ykn ijaan waan sana barbaada. Kana jechuun meeshaan suni argaa isaani ala ta’us sammuu keessaa hin banne jechuudha. Kanaaf daa’imman waggaa tokko “ Waanti sun fuulduraa deemeellee sammuutti qabachuuti ka’a (out of sight is not out of mind)(object permamence)
    II. Sadarkaa Hubannoon Duraa ( Waggaa 2 _ Waggaa 7 )
    Yeroo kana akkaataan ijoolleen itti yaadan dabalataa. Garagalchani yaadu irratti hanqina qabu. Daa’immni tokko waan miireesse mallattoon ykn jechaan (word) bakka buusuun barachuu ni danda’a. Daa’immni kun addunyaa kana ilaaluu gama ofummaa ( egocentric ) irraa ka’uudhaani. Kana malees akkuma isaa/ ishee namattis dhagahame jedheeti / jeetee ammana / amantii. Yaada namoota biro ofitti fudhachuu hin danda’u, sulphummatti bifa ykn fuula waan tokko irratti xiyyeeffatu kallattii tokko irraa malee kallattii biraa irraa waan tokko hubachuu dhiisuu.
    Wantoota lubbu qabeeyyii fakkaatan akka waan lubbuu qabanitti fudhatu. Fkn konkoolaataan kana deemuu dhiisee dhaabatee waan dhukubsateefi jedhan , waan tokko akka namni biraa ilaaleetti ilaaluu hin danda’an waan isaaniitti dhagahamee namoota biroottis akka dhagahamuutti ilaaluu.
    Sadarkaan kun yeroo itti dandeettiin waan qabatamaa mallattoon bakka buusuun itti dagaaguudha. Daa’imman kun mallatteessanii taphachuu danda’u safuu ilaalchisee yaadni isaan qaban bilchaataa miti yaad qalbii tokko gadhee ykn gaarii ta’uusaa yoo gaafataman badhaasaa fi dheekkamse isa booda dhufu ilaaluu malee sababa biro yaad- qalbii sana dugda duuba jiraniin walbira qabanii xiinxaluun murtee kennuu hin danda’an.
    Sadarkaa Hubannoo (waanta qabatamaa yaaduu) sadarkaa dagaagina yaad- sammuu 3ffaa piyaajeetiidha. Ijoollee umuriin isaani waggaa 11 hammata ijoolleen kun waantoota kanaan dura argan ykn beekan irratti loojikaalii yaaduu ni danda’u. Akkasumas waantoota kanneen mallattoo adda addaatti gargaaramuudhaan sammuu isaatiin gargaalchuu ( manipulate ) ni danda’a. Ilaalchi lubuu qabeeyii akka lubbuu dhabeeyyiitti lubbu dhabeeyyii ammo akka lubbuu qabeeyyitti ilaaluu fi ilaalchi ofummaa isaan qaban xiqqaachaa dhufa.
    Yaaduun sadarkaa Hubannoon duraa sirna qabeessa, qinda;aa , amansiisaa fi dhugaa irratti kan hunda’ee miti Ijoolleen sadarkaa waanta qabatamaan yaaduu irraa jiran jijjiiramni bocaa kana hangaa akka hin taanee hubatu, wantootni hangaan fi ulfaatinaan qixxee ta’an lama hanga hamtuu irraa hin hir’aneetti qixxee akkuma ta’anitti akka itti fufan ni hubatu ( conservation ability ) , Ijoolleen kun waan tokko karaa adda addaa ilaaluu danda’u yaada hedduus walfudhachiisuu danda’u ( decentaration kanaan walqabatees gochaaleen tokko tokko kan gara lachuunuu gaggaggalan ta’uu isaa ni hubatu. Ijoolleen kun bifa fi boca waan tokkootiin baay’ee hin gowwamanii.
    D. Wayitrii sirnaan yaaduu ( Formal Operational stage ) ( waggaa 11-16)
    Yeroo kana dargaggoonni sirnaa fi bilchinaan yaaduun itti eegalumuu dha. Yaadni isaani sirna qabeessa ta’a wantoota xaxamaa fi mul’ataa hintaanelee yaaduu ni danda’u waa’ee gara fuulduraa yaaduu danda’u, Mata dhahuun sababeessuu ni danda’u, Axareeraa yaaduu danda’u.
    Sadarkaan sirnaan yaaduu waggaa kudha tokkootti jalqabee waggaa kudha shaniitti sadarkaa olaanaa irraa gaha. Yeroo kana wantoota hin mul’anee irratti lojikiin yaaduu jalqaba. Lojikii irratti hunda’uun yaaduu ni danda’u. Wantoota qajeelatti ykn fulleedhaan yoo arge ykn qaqqabee beekuu baatellee timaamuu ni danda’a.

Yaad-hiddama Barachuu Konistiraaktiviizmii (Constructivism Learning Theory)
yaad-hiddamni kuni yaad-hiddama barachuu ijoo isa sadaffaadha.

  1. Yaadni bu’uraa yaad-hiddama kanaa yaad-hiddamoota barachuu kanaan dura barattan irraa kan adda isa taasiisu maal sitti fakkaataa

  1. Konistirakitiviizmii maal? ______________________________________________________________________________________________________________________________
    Yaad-rimee konistiraaktiviiziimii
    Haala yaad-hiddama barachuutti beektoonni barachuu irratti xiyyeeffatan Koonistiraaktivizmii bifa adda addaattiin hiika itti kennaniiru. Haaluma kanaan Borich fi Tombari (1997) barattoonni deemsa barachuu keessatti akka walitti dhufeenya keessoo waantootaa fi yaadoolee barachaa jiranii gidduu jiru ofumaa akka ijaarratan carraan kennamuu qaba. Kanaafuu akkaataa ilaalcha yaad-hiddama Barachuu Konistiraaktiviziimii barachuun sirnaan kan gaggeeffamu yoo barattoonni dammaqnaan caasaalee sammuu (schema) isaanii muxannoowwaan akka ijaaruu ykn bilcheessu yoo dandeesiisaniidha. Karaa biraas barattoonni wanta baratan tokko odeeffannoo duraan yaad-sammuu isaanii kessaa qaban (schemas) irratti hundaa’uun hiika itti kennuun isaanii murteessaadha. Barattoonni deemsa barachuu keessatti qunnamitii hawaasummaa isaan hiriiyoota fi barsiisoota akkasumas muxannoowwaan addunyaa keessa jiru waliin taasiisan murteessaa ta’usaa barsiisonni yaad-hiddami barachuu konistiraaktiviziimii ni amanu.
    Eggan fi Kauchak yaada armaan olitti eerame irratti walii galuun deemsa barachuu keessatti barattoonni hubannoo dhuunfaa isaanii dammaqinaan ni ijaarratu malee hubannoon qindaa’ee qaama biro irraa kan isaanitti galagalu mit jedhan. Kana jechuun barsiisoonnis ta’e qaamni biroo barachuu barattootaa deggaran odeeffannoo, muxannoo, tooftaalee fi dandii barattoonni hubannoo mataa isaanii ijaarrachuu qaban kennuu fi kallatti argisiisuu malee hubannoo ijaarame sammuu barataat dabarsu mit.
    Konistiraktiviziimoonni bekuumsi (knowledge) bu’aa namoonni dhuunfaa adunyaa qabatamaa fi dhugaa waliin qunnamitii taasiisuun odeffannoo fi muuxannoo argatan sammuu isaanii keessatti ijaaratanidha jedhanii amanu. Beektoota kontraktiviziimii keessaa tokko kan ta’an Giambatista Vicon akka ibsanitti namni tokko waan tokko beeke kan jedhamu yoo waan hubate sana sirritti ibsuu danda’eedha. Yaadni kunis yaada Emmanuel Kant namni odeffannoo alaatii itti dhufanii callisee(passively) kan ofiitti fudhatu mit. Namni yammuu baratu ykn odeeffannoo fudhatu dammaqee odeeffannoo kanaan dura sammuu keessatti qindaa’an waliin hariiroo uumuun walsimsiisuu odeeffannoo haaraa sana irratti hubannoo dhuunfaa isaanii ijaarratu.
    Gosoota Konistiraaktiviizmii
    Adda addummaan falaafamaa akkuma jirutti ta’e ilaalchi koonstiraaktivizmoonni hundi qaban barsiisonni mala barsiisuu od-ibsuu fi odeeffannoo himu olitti tattafachuun akka isaan irra jiraatu waliigalu. Haata’u malee xiyyeeffannoo isaan irratti hundaa’an irratti hundaa’uun koonstiraaktivizmii yaad-sammuu (cognitive constructivism) fi koonstraaktivizmii hawaasaa jedhamuun bakka gurguddoo lamatti qoodamu.
    Konistraktivizmii yaad-sammuu (cognitive constructivism)
    Qorannoon Jian Piaget ka’umsa sochii koonstraaktiviizmii yaad-sammuu (cognitive constructivism) taasifamaa jiruuf bu’uradha. Piaget waa’ee uumama caseeffama yaad-sammuu (schema) namootaa irratti yaada bu’uraa uumeera. Akkaataa Piaget amanutti caasaan yaad-sammuu namni waa’ee naannoo isaa ilaalchisee hubannoo fi hiikoo dhuunfaa isaan walitti qindeeffatan kan ammateedha. Caasaan kunis demsa barachuu kessatti barattoonni waan baratan akka qoodan (categorizing), yaadatan (remembering), akka hubatanii fi rakkoo akka hiikan (solve problems) akkasumas odeeffannoo akka bilcheessan ni gargaara.
    Beekumsi duraanii (schemata) kunis muxannoo fi odeeffannoon bifa bifaan xinxalamuun bilchaatee akka hubatamu gargaara. Haluma kanaan gahumsi adeemsa guttachuu, yaadachuu, hubachuu fi rakkoo hiikuu saffisuun deemsa barachuu bu’aa qabeessa taasiisa. Alba fi Hsher akka ibsanitti caasaan yaad-sammuu odeeffannoo barbaannu akka filannu nugargaara. Odeeffannoon filatamees haala axareera ta’een akka gurmaa’u fi sirnaan akka bilcheesinu ykn ofitti fudhannu nugargaara jechuun faayidaa isaa addeessaniiru.
    Konistiraaktivizmii Hawaasummaa
    Konstiraaktivizmii hawaasummaa maddisaa yaad-hiddama Saayiikoo-hawaasummaa Vygotsky irraat. Akkaataa yaad-hiddama kanaatti beekumsi (yaad-qalbiin barsiisaa irraa gara barataatti kan ce’u oso hinta’iin baraataan odeeffannoo argate fayyadamuun sammuu ofiin ijaarrata. Konstiraaktivizmii hawaasummaa maddii fi qabiyyeen barachuu hawaasummaa akka ta’e ni amaanu.
    Jallatamoo barattootaa! Garaagarummaa Konstitraaktivizmii yaad-sammuu fi Konstiraktivizmii Hawaasummaa gidduu jiru ibsi.

Bifoota yaad-hiddama Konstiraktivizmii hawaasummaa tarreessuu dandeessuu?


Walumaagalatti yaad-hiddamni Konistiraaktivizmii barachuu ilaalchise dhimmoota armaan gadii irratti xiyyeeffa (Jnassenietal,1999).
o Beekumsi dhuunfaan ijaarama malee nama tokko irraa nama birootti kallatiin hince’u. Barataan odeeffannoo fi muxannoo dhiyaateefii irratti hunaa’uun beekumsaa hubannoo dhuunfaa irratti hundaa’ee ummata. Barachuu kessatti bu’aa ykn waa beekuu qofa oso hinta’iin adeemsi (tattaaffiin) barachuu gara beekumsaatti geessuu xiyyeeffannoon kennamuu qaba. Kanaafuu adeemsa barachuu keessatti barattoonni dammaqinaan hirmaachuun murteessaadha.
o Adeemsi barachuu dagaagina dandeetti gad-fageenyaan yaadu saffisiisuu qaba. Adeemsa barachuu keessatti ciicattoonni barachuu adda addaa kanneen akka muxannoo jalqabaa (first- hand experiences), madda odeeffannoo lammaffaa (secondary sources), bu’aa qorannoo dhuunfaa, falmii(dialogues) fi qunnamitii naannoo kessatti uumamu murteessaadha.
o Raawwiin barachuu haala qabatamaa waliin simu jajjabeeffamu qaba. Adeemsi barachuu dandeetti rakkoo hiikuu dagaagsuu irratti kan xiyyeeffatuu fi gochaan kan deggaramu ta’uu qaba (authentic tasks in a meaningful context should be encouraged).
o Calaqqeen muxannoo derbee jajjabeeffamuu qaba. Barattoonni yammuu odeeffannoo ykn muxannoon haaraa isaan qunnamu kanneen duraan hubatan (beekan) waliin walitti fiduun akka madaalanii fi xinxalanii kan dabaluu qabuu itti dabaluu kan fooyya’u yoo ta’ees foyyeessuun irra deebi’anii sirnaan beekumsa akka ijaarratan carraan isaanii kennamuu qaba. Adeemsa barachuu keessatti barattoonni gareen waliin barachuun jajjabeeffamuu qaba. Falmiinii fi dhimma tokko kallatiin adda addaatiin ilaaluun walirraa barachuun ijaarsa beekumsa barattootaa saffisiisuu danda’a.
o Barachuu keessatti of-danda’uummaa barattootaa jajjabeeffamuu qaba. Barattoonni adeemsaa fi bu’aa barachuu fooyyeessuu kessatti bifa gurmaa’ina qabuunii fi dhuunfaan ittigaafatamuummaa akka fudhatan angeessuun fixaan bahinsa kaayyoo barachuuf gahee olaanaa qaba. Kanaafuu sochii mana barumsaa keessatti gahee isaan irraa eegamu miira abba dhimmuumma irratti hundaa’uu dammaqinaan akka qooda fudhuu haalli mijachuu qaba.
Pirinsipilootni yaad-hiddama koonistiraaktivizmii maal fa’ii jette yaaddaa?


Prinsipilootni yaad-hiddama Koonstiraaktiviizmii furtuu ta’an;-
 Barattoonni muxannoo fi qunnamitii mataa isaanii irratti hundaa’uun waa’ee addunyaa kanaa hiikoo dhuunfaa isaanii uummatu
 Beekumsi haaloota keessatti uumamee fi ittifayyadamaman irratti hundaa’a Knowledge is embedded in the context in which it is used (authentic tasks in meaningful realistic settings)
 Hubannoo haraa fi haala qabatamaa irratti hundaa’e madda odeeffannoo garagaraa irraa walitti fiduun beekumsa rakkoo harka irraa jiru hiikuu dandeesiisu ni uumama.

Gochaalee kutaa boqoonnichaa
Gochaaleen armaan gaditti dhiyaatan dhimmoota ijoo barannoo kana keessatti barataman hammam amma hubattan akka of iyyaafataniif isin gargaara. Kanaafuu gaaffiilee hundaa deebisuuf yaaluun isin irraa eegama.

  1. Yaad-rimeewwan yaad-hiddamoota barachuu irratti maal hubatteettaa?
  2. Yaad-hiddamoota hanga ammaatti barattan isaan kami? Isaan keessaa kanneen mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti hojii irra ooluu danda’an isaan kami?
  3. Haala hojiirra oolmaa yaad-rimeewwan yaad-hiddamoota barachuu beekuun barbaachisaadha jettee yaadaa? Maaliif?
  4. Garaagararummaan yaad-hiddamoota barachuu gidduu jiru maal fa’ii?
  5. Yaad-hiddamoota barachuu barachuu irraa maal hubattee?
    Duub-deebii barannoo kutaa kanaa
    Gochaalee armaan olitti kennaman akka yaaltanii yaa-rimeewwan yaad-hiddamaa barachuu irratti hubannoo gad-fageenyaa akka argatan ni amanna. Baayyee dansaadha! Yoo sirriitti hin hubaranne ta’e irra deebi’uun dubbisuun isin irraa eegama. Qabxii dhuunfaan hubachuu hindandeenyee hiriyoota keessan waliin qayyabachuun hubannoo gahaa ummachuuf tattafachuun barbaachisaadha.
    Gudunfaa Bqonnichaa
    Boqonnaan kuni yaad-rimeewwan baruu-barsiisuu yaad-hiddamoota barachuu, gosoota barachuu fi yaad-hiddamoota barachuu, qabattoota adeemsa barachuu irratti dhiibbaa uumanii fi prinsipiloota yaad-hiddamoota barachuu ilaalchisee hubannoo uumuuf yaalameera. Boqonnaa kana keessatti maalummaa fi barbaachisummaa yaad-hiddamoota barachuu fi barachuun haala kamiin akka uumamu barattootaaf dhiyeeseera. Qabiyyeen boqonnaa kanaa xiyyeeffannaa boqonnaa itti aanee dhufuu fi dhimmoota haala kamiin yaad-rimeewwan yaad-hiddamaoota barachuu manneetii barnoota sadarkaa tokkoffaa keessatti hojiirra oolchamuu danda’u dhiyaatuuf hubannoo dandii saaqu uumeera.
    Dhimmoota muraasa ibsuuf:
     Barachuun beektoota adda adaatiin haala adda adda ta’een hiikkoon itti kennameera. Fakkeenyaaf beektoonni tokko tokko barachuun jijjirama yaad-qalbii hanga bara jirreenyaatti turudha jechuun hiika itti kennaniiru. Kanneen biroo ammo barachuun adeemsa beekumsa, dandeetii fi ilaalcha argachuudha yammuu jedhaan gareen beektoota biroos barachuun adeemsa namni tokko ofumaa beekumsa ijaarachuu, ogummaawwanii fi sirna dudhaalee dagaagfachuuti jechuun maalummaa barachuu himu.
     Gosoota barachuu hedduu jiran keessaa kanneen ijoo ta’an kuufachuu (cumulative), jijjiramuu (transformative), walsimsiisuu (accommodative) fi ofitti-fudhachuu (assimilative).
     Adeemsi barachuu qabattootaa hedduutiin gufachuu danda’a. Isaanis kallattii malee barachuu (mislearning), barachuu dhiisuu (non-learning), faccisuu (defense mechanisms), rinciica sammuu (mental resistances), qabattoota alaa fi keessoo kanneen akkaa dandeettii yaad-sammuu (inetelligence), si’aayina, tooftaalee barachuu fi kkf.
     Akkaataa yaad-hiddama barachuu yaad-qalbiitti barachuun uumameera kan jedhamu yoo barattoonni kakaasa kennameef deebisa barbaadame maddisiiseedha.
     Amaleessuu durii keessatti elemeentiin furtuun walsimsiisuu ykn walittifiduudha.
     Amaleessuu durii keessatti kakaasa lama (kakaasa uumamaa fi amaleessame) fi deebisa lama (deebisa uumamaa fi amaleessame) uumamu.
     Amaleessuun warraaqii bifa barachuu ta’ee bu’aan yaad-qalbii uumame tokkoof argame -qalbichi irra deeddebi’ee mul’achuu fi mul’achuu dhiisuu isaa kan murteessudha.
     Xiyyeeffannaan Yaad-hiddama barachuu yaad-sammuu adeemsa barachuu yammuu sammuu keessatti bilchaatu irratti. Cognitive learning theory focuses on the mental processes involved in learning
     Akkaataa Konstiraaktiviizmiitti barachuun adeemsa barattoonni waan baratan irratti hundaa’anii miira (hiikoo) dhuunfaa isaanii ykn yaadoota fi odeeffannoo isaanii dhiyaate gidduu hariiroo keessoo jiru akka ijaaratan carraa kennuudha jedhu.
    Hiikoo jechoota bu’uraa boqonnichaa
    Adabbii faallaa; wanta barbaadamaa dhowwachuun ykn irraa dhorkuun mul’achuu yaad-qalbii tokko dadhabsiisuu. Removing something pleasant will decrease behavior occurrences.
    Onnachiftuu faallaa: wanta jibbisiisaa ykn dhukkubsan irraa kaasuun carraa irraa deddeebi’ee mul’achuu yaad-qalbii tokkoo dabaluu
    Adabbii qajeelaa: wanta hinbarbaachisne ykn dhukkubsan akka fudhatamu taasiisuun mul’achuu yaad-qalbii tokkoo dadhabsiisuu (receiving something unpleasant will decrease behavior occurrences).
    Onnachistuu qajeelaa: wanta gammachiisu argachuun yaad-qalbiin tokko irra deddeebi’ee akka mul’atu taasiisa.(receiving something pleasant will increase behavior occurrences.)
    Malleen baruu-barsiisuu qabiyyee boqonnaa
    Malleen baruu-barsiisuu barattoota dammaqinaan hirmaachisan ittifayyadamuun barbaachisaadha. Haaluma kannaan maalleen barachuu si’ataa kanneen akka sammuu sisi’eestuu (brain storming), od-ibsaa kukkutamaa (gapped lecture), gaaffii fi deebii (questioning and answering method), mala marii garee(group discussions), mala hojii projeekitii (project method), pyramiding, jigsaw method, gahee xabachuu(role play), marii garee fi garee(crossover group), mala walbarsiisuu (micro teaching), lama lamaan hojjechuu (pair work), hojii dhuunfaa (individual work), kkf fayyadamuu.
    Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti Gchaalee Barsiisootaa fi Barattoota irraa eegaman
    A. Gochaalee Barattootaa irraa eegaman;-
     Adeemsa barannoo sirnaan hordofuu
     Gochaalee barachuu dhuunfaa fi garee dammaqniinaan raawwachuu
     Bakkaa ibsa dabalataa si barbaachise irratti gaafadhu
     Mateeriiyaalii barachuu siif dhiyaate kanaa fi kitaabilee wabii qo’achuun yaadannoo qabachuu
     Duub-deebii ijaarsaa barreeffamaa fi afaanii siif kennamu gargaaramuun hubannoo gahaa qabaachuu
     Bu’aa hojii garee fi dhuunfaa qindeessuun hiriyoota daree fi haala mijeessaaf dhiyeessuu
    B. Gochaalee Haala-mijeesiitootaa
     Mala barsiisuu hirmaachisaa adda addaatti fayyadamuun qabxii furtuu ta’an dhiyeessuu
     Barannoo tokko tokkoo isaa keessatti barattoota garee fi dhuunfaan akka isaan qooda fudhatan
     Hojiilee barchuu hundaaf qajeelfamaa ifa ta’e barattootaaf kennuu
     Malleen iyyafannaa daawwannaa, gaaffiilee afaanii fi barreeffama fayyadamuun hirmaannaa fi hanga hubannaa barattootaa iyyaafachuu
     Duub-deebii barattootaaf kennuun miirri gahumsaa fi fiixaan bahunsaa akka dagaagfatan deggarsa kennuu.
    Malleen fi tarsiimoo iyyafannaa Boqonnichaa
    Malleen Iyyafannaa ittifufaa gara garaatti kan akka daawwannaa, gaaffiilee qomaa, dammaqinaan dhaggeeffachuu, of-iyyafachuu, wal-iyyafannaa, abbaltii pirojeektii, calaqqee, waliiyyafannaa garee fayyadamuun gahumsa barachuu barattootaa irratti odeeffannoo walitti qabuun danda’ama.
    References
    Erikson, E. (1963) Childhood and Society. New York: Norton.
    Fowler, J. (1981) Stages of Faith: The Psychology of Human Development and the Quest for Meaning. New York: Harper and Row.
    Illeris, K. (2002) The Three Dimensions of Learning: Contemporary Learning Theory in the Tension Field Between the Cognitive, the Emotional and the Social. Leicester: NIACE.
    Jarvis, P. (1987) Adult Learning in the Social Context. London: Croom Helm.
    Jarvis, P. (1992) Paradoxes of Learning: On Becoming an Individual in Society. San Francisco: JosseyBass.
    Jarvis, P. (2001) Learning in Later Life: An Introduction for Educators & Carers. London: Kogan Page.
    Jarvis, P. (2006) Towards a Comprehensive Theory of Human Learning. London: Routledge. (Vol 1 of Lifelong Learning and the Learning Society).
    Jarvis, P. (2007) Globalisation, Lifelong Learning and the Learning Society: Sociological Perspectives. London: Routledge. (Vol 2 of Lifelong Learning and the Learning Society).
    Jarvis, P., Holford, J. and Griffin, C. (2003) Theory and Practice of Learning (2nd edition). London: Routledge.
    Jarvis, P. and Hirji, N. (2006) Learning the Unlearnable – Experiencing the Unknowable. Journal for Adult Theological Education, 1, pp. 88–94.
    Jarvis, P. and Parker, S. (eds) (2005) Human Learning: An Holistic Approach. London: Routledge.
    Kohlberg, L. (1981) The Philosophy of Moral Development: Moral Stages and the Idea of Justice. San Francisco: Harper & Row.
    Kolb, D. (1984) Experiential Learning: Experience as the Source of Learning and Development. Englewood Cliffs, NJ: Prentice-Hall.
    Loder, J. (1998) The Logic of the Spirit: Human Development in Theological Perspective. San Francisco: Jossey-Bass.
    Maslin, K. T. (2001) An Introduction to the Philosophy of Mind. Cambridge, UK: Polity.
    Mezirow, J. (1997). Transformative Learning: Theory to Practice. New Directions for Adult and Continuing Education, 74, 5–12.
    Piaget, J. (1929) The Child’s Conception of the World. London: Routledge and Kegan Paul.
    Schutz, A. and Luckmann, T. (1974) The Structures of the Life-world. London: Heinemann.
    Strauss, A. (ed) (1964) George Herbert Mead on Social Psychology. Chicago: University of Chicago Press.

Boqonnaa 2
Adeemsa Baruu-Barsiisuu Keessatti Hojiirra Olmaa Yaad-Hiddamoota Barachuu
Seensa
Boqonnaa tokko keessatti yaad-hiddamoota barachuu kanneen ijoo ta’an maalummaa isaanii fi barachuu keessatti xiyyeeffannoo isaan kennan hubataniitu. Boqonnaan kunis ittifufinsa boqonnaa duraan ta’ee muxannoowwan yaad-hiddamoota barachuu adda addaa haala kamiin manneetii barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti hojiirraa ooluu haala danda’u kallatii agharsiisuu irratti kan xiyyeeffatudha. Karaa biroos akkuma beekamu seenaa darbee keessatti malleen barsiisuu hunda caalaa filatamaa ta’e isa kami akka ta’uu qabu irratti falmiin bara dheeraa gaggeeffamaa tureera. Malleen barsiisuu barattoota fedhii, rakkoowwaan, tooftaalee fi dandeettii barachuu addaa addaa qaban hundaaf mijatu, kaayyoo barannoo, haaloota barachuu hundaa keessatti qofaa isaa guutuu ta’e irratti walii hingalamne. Kanaafuu yaadaa fi muxannoo yaad-hiddamoota barachuu adda addaa xinxaluun karoora barannoo qopheessuu, barsiisuu fi iyyaafanna barannoo gaggeessuu keessatti fayyadamuun barbaachisaadha.

Yaad-hiddamoota barchuu fi hojiiwwaan barsiisuu hariiroo cimaan jira. Fixaan bahinsi barachuu bu’aa malleen barsiisuu filatameeti. Malleen barsiisuu galma barachuun gahumsaan fixaan baase ammo bu’aa hubannoo barsiisaan yaad-rimee barachuu barattootaa ilaalchisee beektoonni yaa-hiddama barachuu adda addaa keessatti maddisiisan qayyabachuuti. Kanaafuu barachuu barattootaa haala gaariin adeemsiisuuf malleen barsiisuu filachuu, iyyaafannaa bu’aa qabeessa ta’e filachuuf, haaloota barachuu barattootaa saffisiisuu danda’an mijeessuuf, deebisa barattootaa onnachiisuuf fi kkf filachuun hojiirra oolchuuf muxannoo beektoota yaad-hiddamoota garaagaraa xinxaltanii akka itti fayyadamtaniif boqonnaan kuni isinii dhiyaateera.
Kaayyoo Gooree Boqonnaa
Xumura boqonnaa kanaa booddee;-
• Adeemsa barsiisuu daree keessatti faayidaalee yaad-hiddamootaa barachuu adda addaa qaban ni tarreesiitu.
• Adeemsa barachuu keessatti muxannoo yaad-hiddamoota barachuu haala kamiin akka itti gargaaramtan ni addeesiitu.
• Garaagarummaa fi walitti dhufeenya yaad-hiddamoota barchuu giddu jiru ni ibsiitu.
• Adeemsa barsiisuu keessatti seeroota (principles) yaad-hiddamoota barachuu kayyoo barannoo haalaan fixaan baasuu danda’an filachuun ittifayyadamtu.

2.1. Yaad-hiddama Barachuu Yaad-qalbii Adeemsa Barsiisuu Daree Keessatti Hojiirra Olchuu
Jaallatamoo barataa! Maalumaa yaada-hiddama barachuu yaad-qalbii ni yaadattaa? Haala kamiin hojii baruu- barsiisuu kessatti akka gargaaramtu dursii tilmaamun andeessaa? _______________________________________________________________________________________________________________________________________________
Dansaadha! Yaad-hiddamni kun mala amaleessuun yaad-qalbii haaraa gonfachuu irratti kan xiyyeeffatudhu. Kutaa kana keessatti barsiisoonni adeemsa barsiisuu daree keessatti haala ksmiin seerootaa fi muxxannoowwan yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii ittifayyadamuu danda’an ibsameera. Akkasumas gahee barattootaa qaban fi tooftaalee iyyafannoo barachuu barattootaa irratti xiyyeffannoon kennameera. Akkaata yaad-hiddama barachuu yaad-qalbiitti deemsa barachuu qajeelchuu, wanta baratamu murteessuu, kaayyoo barannoo wixineessuu fi jijjirama yaad-qalbii barbaadame maddisiisuuf gaheen barsiisootaa murteessaadha. Jecha birootiin yammuu ibsamu deebiisa barbaadamee (desirable responses) barattoota irraa maddisiisuuf barannoon kaayyoo barbaadame fixaan baasuu danda’u dursee sganteeffamuu qaba. Barannoon saganteeffame (programmed instruction) sirna baruu-barsiisuu ta’ee qabiyyeen barnootaa kutaalee (element) xixiqaatii qoodamee (broken into small units) tarkaanfiilee murta’ee (discrete steps) addan bahee tartiiba loojiikii hordofuun walitti qindeessuun barachuu barattootaatiif mijeessuudha. Barattoonni tooftaalee fi tarkaanfiilee barachuu barsiisootaatiin wixineeffame hordofanii deebiisa barbaadame yammuu maddisiisan battalumatti onnachiisuun adeemsa barachuu barattootaa saffisiisa.
Yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii kana keessatti muxannoon inni biroo waa’ee ce’umsa(daddarbuu) barachuuti (transfer of learning). Akkaataa yaad-hiddama barachuu yaad-qalbiitti beekumsa, ogummaawwanii fi ilaalchootni haala tokko keessatti barataman haala biroo (new context) kessatti hojiirra ooluu danda’u ykn cee’uu danda’u. Cee’umsi barachuu kunis dandeettii yaad-hiddamaan kallattii qabachuu fi qabatamaan hojiitti jijjiruu walqunnamsiisuu addeessuun alatti namni kan yaad-hiddamaan baratee ykn gonfate haaloota qabatamaa (real situation) keessatti ittifayyadamuu akka danda’uu isaa hubachiisa. Kana malees yaad-hiddamootni barachuu yaad-qalbii akaakuuwwan barannoo (types of instruction) armaan gaditti ibsamaniin caalumatti ibsamuu danda’u.
Barannoo Kallattii (direct Instruction)
Barannoo kallattiin maalii? Yaada qabdu barataa bukkee kee taa’u waiin waljijjiri.
Barannoon kallattii barnoota caaseeffame (disciplinary structure) kennuun gara muuxannoo barachuu sirnaa fi hiika qabeessa ta’eetti kan geessudha. Kunis malleen barachuu kan barattoonni xiyyeffannoo kennuun keessatti hirmaachuun bu’aa barachuu barbaadame fiixan baasanidha. Qajeelfamni kallattii nannoo barachuu barattoota fullee-fulleen kan wal isaani qunnamsiisee haaloota waliin barachuun yaada isaanii waljijjiruu danda’an uumuu barbaachisa. Garuu hanqinni yeroo barachuu waan mudatuuf carraa fullee-fulleen wal arganii marii’achuun hindanda’an. Kanaafuu, barsiisaan bakka bu’uun olaantummaa fudhachuun carraa mariidhan barachuu barattootaa uumuu danda’a. kunis barsiisaan yaadoota walfamsiisan irratti deebii fi kallatti sirrii ta’e kennuun deemsa barachuu barattootaa olaantummaan to’ata. Kana malees barsiisan hubannoo dogoongoraa barattootaa sakatta’uun ibsa kennuun baratoonni waa’ee qabiyyee barannichaa sirritti akka hubatan deggarsa kenna. Barsiisaan deemsa barachuu barattootaa olaatummaan to’achuun barattoonni deemsa barachuu isaanii keessatti hirmaanna akka ittifufanii fi kaayyoo barachuu isaanii galmaan akka gahan jajjabeessuu danda’a jedhamee waan amanameef.
barannoon kallattii qabiyyee sadii of keessaa qaba. Inni jalqabaa barannooni kallattii wanta baratamuu fi haala qabiyyeen barannoo itti qindaa’ee ni murteessa. Inni lammaffaa ogummaa akka gonfatamuuf qabiyyee fi karooraa seer-daandii barsiisuu qindaa’e kan of keessaa qabu sagantaa murtaawaa. Inni sadaffaan seer-dandii haala barsiisaa fi barataan wal-qunnamu kan ifaan agarsiisu. Qabiyyee fi gaaffiilee dhiyeessuu, marii daree dhimma murtaawaa ta’e irratti xiyyeeffachuu, yaada guduunfaa kennuu, hubannoo cimsuu fi rakkina hubannoo sakatta’uu, maddoota adda addaa irraa beekumsa gonfachuu fi dhimmoota ijoo ta’an irratti deebbii kennuun agarsiistoota seer-daandii fireemwoorkii barsiisuu barannoo kallattiiti kanneen ijoo ta’aniidha.
Malleen barsiisuu barannoo kallattii kanneen ijoo ta’an od-ibsuu, vidiyoon agarsiisuu, agarsiisuu interneetii irratti bu’ureeffate, keessuummaa dhimma baranichaa irratti affeeruu, marii walii gala daree kan barsiisaan dangeeffame kkfti. Gochaalee barachuun kuni yeroo dheeraa fudhachuu waan danda’uuf barattootni oso hinnuffiin gahumsaan akka barataniin tarsiimoon barachuu barattootaa si’eessan gargaaramuun barbaachisaadha. Malli barsiisuu qalbeeffannaa barattootaa cimsamu keessaa inni filatamaan gidduuti qalbeeffannaa barattootaa yeroo muraasaaf bakka birooti geessuun (change ups) gara dhimmaa ijoo barannootti deebisuudha. Qalbeeffannaa barattootaa dhimma birooti jijjiruu (change-ups) deemsa baruu-barsiisuu keessatti mata duree kessaa ba’uun waan biraa akka yaadan ykn waliin mari’atan ykn baacoo dhiyeessu mit. Gochaalee barachuu kaayyoo barannoo sana waliin qabatan jijjiruun akka baratan haala mijeessuudha. Fakkeenyaaf barsiisaan barattoonni gaffii hiriyoota isaanii waliin akka mari’atan mijeessuu ykn barattoota gaaffiilee dhiyeessan barataa barbaadan maqaa waamuun akka ibsu affeeruu danda’u. Adeemsa baruu- barsiisuu keessatti gochaale barachuu jijjiruun barattoonni akka hin-nuffinee taasiisuun fedhii fi dandeettii qalbeeffannaa tursiisuun beekumsa horachuu isaanii akka cimsu ni amanama.
Ciminaa fi hanqina barsiisuu kallattii sitti argamaa? Mee deebii kee barattoota daree keef hiriifii.)


Ciminni barsiisuu kallattii inni ijoon qabiyyee barannoo fi gochaalee barachuu sirnaan caaseeffame, haalaan qindaa’e fi tartiiba isaa salphaa irraa gara ulfaataa ykn walxaxaa ta’e barattootaaf dhiyeessuudha. Barsiisoonni kaayyoo barannoo murteessuun gochaalee barachuu caaseeffame barattoonni jijjirama yaad-qalbii isaan irraa eegamu fixaan baasan gargaaru qopheessanii dhiyeessuuf. Kana malees barsiisuu kallattii barataa fi barsiisaa waan walitti fiduuf deggarsa ittifufinsa qabu gara fixaan bahinsa galma barachuuti kan barsiisaa irraa waan argatuuf carraa barachuu barattootaa ni babal’isa.
Dadhabinni barsiisuu kallattii inni ijoon ammo kaka’uusa dhuunfaa barattootaa ni laafisa. Kallattiin barsiisuu keessatti waan hundi barsiisaatiin waan to’atamuuf hirkattuummaa jajjabeessuun barattoonni of danda’anii akka hibaranne taasiisuu danda’a. gaheen barattootaa waan barsiisan kennee fi ajaje qofa raawwachuu irratti waan xiyyeeffaf demsa aad-dabarsaadha(rote learning). Haata’u malee mala barsiisuu kana keessatti waan hundaa barsiisaan to’achuu isaa irratti beektoota barnootaatiin yoo ceepha’ameeyyuu barsiisuun kallattii gochaalee barachuu to’annoo fi hordoffii barsiisaa ittifufinsaan barbaadaniif barbaachisaadha. Sababiin isaas 1) qabiyyeen barannoo walfakkatu barattoota daree keessa jiran hundaaf dhiyaata 2) barsiisoonni barattootaaf ibsa barbaachisu akka kennaniif carraa bal’aa uuma 3) barsiisoonni qalbeeffanna barattootaa akka to’atan ykn akka hordofan dandeesiisa 4) barsiisoonni gochaalee barachuu kaayyoo barannoo irratti akka xiyyeeffatamu to’achuu danda’u
Barachuu Gonfachuu (Mastery Learning)
Barachuu Abboommachuu (Mastery Learning) barachuu akkamiitii? Hojii barsiisuu waliin haala kamiin walsimsiisnaa?


Baayyee dansaadha. Moodeeliin barachuu kunii akaakuu baruu-barsiisuu yaad-hiddaamoota barachuu yaad-qalbii qoratanii hojiirraa barsiisuu kessatti kan fayyadamanidha. Hojiirra oolmaan Barachuu abboommachuu (mastery learning) amantaa yoo baruu-barsiisuun sirnaan qindoofinaan, ittifufinsaan yoo hordofame, mala murtaa’een yoo barsiifame fi barattoonni waa’ee raawwii barchuu isaanii ittifufinsaan duub-deebii argatan beekumsa sirna barnootichaa haalaan akka gonfatan ykn abboommatan ni danda’u kan jedhu irratti hundaa’a. Barachuu abboommachuu (Mastery Learning) bu’aa dansaa kan argamsiisuu danda’u gochaaleen sadii yoo jiraatanidha. Isaanis kayyoon ifa ta’e jiraachuu, ulaagaalee istaandaardii raawwii duran murtaa’e (pre-established and high passing standards), fi sirna ulaagaalee raawwii safarrii raawwii (a criterion-referenced grading system). Barsiisoonni muxannoo gaarii qaban yeroo hundaa kaayyoo koorsii ifaa fi barattoota hundaan baratamee kan fiixaan bahuu dandau galma qpheessuu danda’u. Kana malees istandaardii raawwii barachuu dursamee murtaa’e akka galmaan gahan deggarsa barbaachisuus ni kennu.
Barachuu gonfachuu keessatti beekumsi duraan gonfatame barachuu itti aanee dhufuuf bu’ura ta’ee tajaajila. Barattoonni oso barannoo haaraa fi Walxaxaa hineegaliin dursanii beekumsa bu’uraa fi salphaa ta’ee akka riqichaatti gargaaru gonfachuun irraa eegama. Kunis qabiyyee fi muxannoon barachuu gulaantaa gulantaan caaseeffame qindeessuu irratti xiyyeeffata. Barattoonni sadarkaa gonfannaa yaad-qalbii murtaa’e fiixaan baasuu hindandeenyee barnoota bilchinaa dabalataa mijeessuun, hiriyyaa isaaniin hordofamuu (peer monitoring), garee xixiqaan akka mari’atan dandeessiisuun fi abbaltii dabalataa kennuun yaad-qalbii barbaadame akka gonfatan deggarsa taasiisuun barbaachisa. Barattoonni yaad-qalbii ykn raawwii istandaardiin isaa murtaa’e gonfachuun isaanii hanga mirkanaa’utti irra deeddebi’anii baratanii ittifufiinsaan iyyafatamuun arbaachisaadha. Yoo barattoonni yaad-qalbii barbaadame sadarkaa gonfannaa irraa gahan beekumsii fi ogummaa isaan horatan dandeettiin raawwii isaanii kan duraa caaluu qabu. (When students reach the mastery level, their knowledge and skills will certainly go beyond the initial performance). Kanaafuu barachuun gonfannaa keessatti barattoonni hundi kaayyoo barannoo akka galmaan gahanii fi seer-dandii barachuu haaraa hubatanii raawwiin akkadamiikii isaanii akka fooyya’uuf qulqullinni qajeelfama barachuu murteessaadha.
Barsiisaan yeroo maraa barattoonni yaad-qalbii istandaardii isaa eeggate gonfachuu akka qaban beekuu qaba. Barattoonni beekumsaa fi ogummaawwan karoorfame gonfachuu isaanii mirkeneeffachuuf duub-deebiin barsiisaa murteessaadha. Maddii duub-deebiis oso baruu-barsiisuun gaggeeffamaa jiruu meeshaalee iyyaafannaa walittifufaa adda addaatiin walitti qabame malee xumura koorsichaa irratti qabxii yaalii ilaaluun mit.Barattoonni yaad-rimee sirrii fi dogoogoraa addaan baafachuun seer-dandii sirri ta’e hordofuun qabiyyee barannoo hubachuun fi bu’aa barachuu isaanii olguddifachuun irraa eegama.
Fakkiin(5) armaan gadii adeemsa gonfannaa yaad-qalbii agarsiisa

Fig 5.adeemsa barachuu Abboomachuu
Barachuu abboommannaa saffisiisuuf barsiisoonni qabattoota armaan gaditti tarreeffaman xiyyeeffannaa keessa galchuun irraa eegama.
• Baruu-barsiisuun kutaalee xixiqqaa fi to’atamuuti (manageable parts) qoodamuu qaba.
• Qabiyyeen barachuu haala loojiikii ta’een qabatamaa irraa gara axareeraatti qindaa’ee gara hojii barachuu walxaxaatti kan geesiisu ta’uu qaba
• Barattoonni qabiyyee barannichaa abbommachuu isaanii yaalii fi iyyaafannaa hojiirraatiin mikanaa’uu qaba
• Barsiisoonni dandeettii gonfannaa yaad-qalbii barbaadame saffisiisuuf kaayyoo qabatamaa fi qajeelfama gara galmaatti geessu kennuun irraa eegama
• Gochaalee dabalataa fi addatti qindaa’ee dogoongora hubannoo barattoota rakkoo barachuu qaban barbaachisa.
Saffisni barachuu fi irra deddeebi’anii barachuu barattootaa adda addaa waan ta’ee fi barattoonni waa’ee barannoo darbee dandeettiin yaadachuu garaagaraa waan qabaniif barsiisuu beekumsa duraa irratti akka hundaa’u taasiisuun salphaa mit. Ceephoon modeela barachuu kana irratti dhiyaatu barsiisoonni qalbeeffannaa barattootaa gara fixaan bahinsa yaaliittti qajeelchuu irratti ta’uudha. Barsiisuun kunis galmaan gahinsa bu’aa barachuu yoo saffisiisee iyyuu barattoonni qabiyyee barnootichaa irratti hubannoo waliigalaa akka hingonfannee taasiisuu danda’a. Kanaafuu, hubannoon isaanii waan dhiphaa irratti dangeeffamuu danda’a. Sagantaa barachuu abboommanna keessatti barattoonni ciccimoonni hanga barattoonni laafoon isaan qaqqabatanitti eeguun dirqama ta’uu danda’a. Wayita kanas barattoonni barnootaan ciccimoo ta’an odeeffannoo gahaa waan hinarganneef fedhiin isaanii gad bu’uu danda’a. ittidabalees, qunnamitiin barataa fi barsiisaa akkasumas garattoota gidduu xiqqaa waan ta’uuf carraan odeeffannoo dabalataa argachuu dhiphachuu danda’a.
Waa’ee dadhabiina barachuu ilaalchisee walfalmisiisaan yoo uumamee iyyuu sirnooni mana barumsaa hedduun malleen sirreeffamaa garagaraatti gargaaramuun modeela barsiisuu kana hojiirra oolchuun fiixaan bahinsa fooyya’insa akkadaamiikiif murteessaa ta’usaa itti amanu. Barachuu abboommachuu barattoota saffisaan barataniifis ta’ee suuta barataniif bu’aa qabeessadha. Barattoonni suuta baratan ogummaa bu’uraa akka gonfatan isaan dandeesiisuuf qabxii gad-aanaa yoo ta’uu danda’eeyyuu istaandaardii barbaachisu bira darbuun milaa’uu danda’u. Barattoonni ciccimoon qabxii yaalii olaanaa akka galmeessanii fi qabiyyee barannichaa saffisaan waan hubatan isaan dandeesiisa.barchuun istaandaardii murtaa’ee irratti waan hundaa’uuf istaandaardii kana darbuun gara argaminsa raga milkaa’inaatti nama geessa. Haaluma kanaan barattoonni hundi naannoo haalaa mijataa keessatti duub-deebii ijaarsaa fi seer-dandii sirri argachuun barachuuf kaka’uumsa horachuun fixaan bahinsa akkadaamiikii isaanii milkaa’uu danda’u.

Amaleessuu Durii Daree Barnootaa Keessatti Hojiirraa Olchuu Yaada ijoo amaleessuu durii ni yaadataa?


Dansaadha! Elemeentii amaleessuu durii inni furtuun walitti fiduudha. Kanaafuu barsiisoonni barsiisoonni addemsa barachuu fi gochaalee daree keessaa faana haaloota qajeelaa fi waantoota nama gammachiisu adda addaa waliitti fiduu qabu. Fakkeenyaaf, barsiisoonni;-
• Meeshaalee deggarsa barnootaa miidhagaa fayyadamuu.
• Daree barnootaa midheksuu
• Barattoonni garee xixiqqaatti qoodamuun hojii barachuu ulfaataa akka hojjetan jajjabeessuu
• Yammuu daree seenan barattoota dubbisuu fi fuula ifaan simachuu
• Haala formaatii battallee, yaalii fi qormaataa barattootatti ifatti himuu
• Barattoonni naamuusaa fi seeroota daree akka hubatan dandeesiisuu
• Barattoonni gochaalee barachuu isaanii haalaan akka xumuraniif qophii taasiisanii fi akka raawwataniif yeroo gahaa kennuu.
Amaleessuu Warraaqii Daree Barnootaa keessatti Hojiirra Olchuu
Amaleessuu warraqii keessatti bu’aan yaad-qalbii tokko hordfee dhufu jijjira carraa yaad-qalbichi irra deddebi’ee mul’achuu isaa murteessa. Onnachistuu fi adabbiin yaad-rimeewwan ijoo amaleessuu warraqiitti. Kanneen armaan gaditti tarreeffaman fakkeenya daree keessatti hojiirra oolma amaleessuu warraaqiitti;-
• Yaad-qalbii qajeelaa fi raawwii barachuu milaa’aa ta’e bekkannoo kennuun onnachisuu
• Onnachistuu adda addaa kan akka barsiisaan jfudhatama argachuu (jajamuu, fuula ifaan simachuu, qalbeeffannaa argachuu, fi kkf), onnachistuu qabatamaa (karameellaa, meeshaalee barreeffamaa, kitaabilee, uuffata fi kkf) and faayidaalee adda addaa kennuu (yeroo boqonnaa dheeraa kennuu fi hiriyoota faana akka bashannanuuf haala mijeessuu).
• Yaad-qalbii qajeelaa onnachiisuu fi yaad-qalbii yaraa adabuu
• Sagantaa onnachiistuu murteessuu
• Adabbii qajeelaa akka filannoo dhumaatti gargaaramuu
• Adabbii faallaa kan akkaa daraa irraa arii’uu fayyadamuu
• Kan adabamu yaad-qalbii barattootaa malee nameenyummaa isaanii miti
• Yaad-qalbii adabamuu qabu barattootaatti himuu
Gochaalee Baruu-barsiisuu Barannoo kanaa
Jaallatamoo barataa! Gaaffileen armaan gaditti dhiyaatan yaad-rimee barannoo dhiyaatan hammam akka hubattan akka iyyattan qophaa’eera. Kanaafuu, gaaffiilee hundaa hojjechuun isin irraa eegama.

  1. Gosootni baruu-barsiisuu yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii maal fa’i?
  2. Fakkeenya qabatamaa eeruun amaleessuu durii fi amaleessuu warraqii adeemsa barsiisuu daree barnootaa keessatti haala kamiin hojiirra ooluu akka danda’u ibsi.
  3. Barbaachisummaa Prinsipiloota yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii barsiisootaaf qabu ibsi.
  4. Ciminaa fi dadhabina .malleen barsiisuu ijoo ta’an yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii keessatti dhiyaatanii ibsi.
    Duub-deebii Kutaa Kanaa
    Gaaffiilee armaan olitti dhiyaatan hunda akka sirritti yaaltan ni amannaa. Garuu caalumatti gad-fageenyaan akka hubattaniif yaddawwan gaaffiilee waliin walqabataniif duub-deebii ta’uu danda’ani dabalatan irra deebiitanii dubbisuu isin barbaachisa.
    Yaad-hiddamoota yaad-qalbii barachuutiin kan maddan gosoota barsiisuu keessaa kanneen ijoo ta’an barachuu kallatti fi barachuu abboommachuuti. Barachuu kallattii (direct instruction) mala barachuu yeroo barachuu akkadeemiikii saffisiisuuf qindaa’udha. Barattoonni beekumsa dhuunfaan dagaagfatu jedhamee hinamanamu. Kanaafuu barattoonni seer-dandeedii tarkaanfiilee barachuu sirnaawaa ta’e diriirsuun faayidaalee fi adeemsa isaan beekanii akka hordofan deggaramuu qabu. Barsiisoonni waan barattoonni barachuu qabanii fi seer-daandii hordofanii barachuu qaban yammuu itti argsiisanuu, barattoonni yeroo barnootaa isaanii haala gaariin ittifayyadamamanii calumatti barachuu danda’u. barachuu abboommannaa (Mastery learning) deemsa barsiisuu muxxannoon barachuu tartiibaaa tarkaaffilee addaan bahee kan itti dhiyaatudha. Barattoonni gulantaa tokko irraa gara itti aanutti cee’uuf haala duree barbaachisu gonfachuu ykn abboommachuu irraa eegama. Barachuu abboommannaa (Mastery learning) barattoonni mala fi gochaalee baruu-barsiisuu adda adda gargaaramanii akka baratan kan jajjabeessudha. Qabiyyeen barannoo kutaalee xixiqaa kayyoo murtaa’eetti kan qoodamaniidha. Barattoonni dhuunfaanis ta’ee gareedhan seer-dandii barachuu saganteeffame hordofanii qabiyyee isaanii akka baratan irraa eegama.
    Jijjiramni yaad-qalbii ykn beekumsaa turu danda’u barattoota irratti dhufuu kan danda’u bu’aa muxannoo barsiisuutti. Akkaataa yaad-hiddama barachuu yaad-qalbiitti shakallii fi irra-deddeebbiin waliitti hidhiinsa amaleessuu cimsa. Akkasumas shaakallii fi irra deddeebii’uun yoo dhibe ammo walitti hidhinsa amaleessuu dadhabsiisa jedhanii amanu. Barattoota amala ykn yaad-qalbii hinbarbaachifne yaammuu isaan maddisiisan kakaasa gochiicha dadhabsiisuu danda’u dhiyeessuun barsiifata yaraa irraa baraaruuf ni danda’ama. Fakkeenyaaf, barataa timboo xuxuu tokko rakkina sodaachiisaa timboo xuxuu faana walqabatani isa mudachuu danda’u qabatamaan ykn bifa filmii ykn draamatiin agarsiisuun akka hubatu taasiisuun ni danda’ama. Kunis baratichi timboo xuxuu akka dhiisu isa dandeesiisa. Haaluma walfakkaatuun adabbii ykn waan dhukkubsoo ta’ani amala hannaa, dhugaatii alkoolii nama miidhuu fi kkf waliin hidhuun amallii yaraa ykn hinbarbaachifne akka badu ni taasiisa.
    2.2. Barsiisuu Daree Keessatti Yaad-hiddama Barachuu yaad-sammuu Hojiirra Oolchuu
    Muxannoo darbe irraa yaadni bu’uraa yaad-huddama yaad-sammuu maalii? __________________________________________________________________________________________________________________________________________________
    Barsiisoonni yaad-rimee yaad-sammuu daree barnoota keessatti hojiirraa oolchuutiin hubannoo barattootaa isaanii saffisiisuu danda’u.Tarsiimoowwan barachuu ijoon yaad-hiddama barachuu kanaan ifa ta’anii akkataa armaan gaditti dhiyaataniiru.
  5. Barachuu Hiika Qabeessaa(meaningful learning)
    Barnoota hiika qabeessa barachuu keessatti barattoonni beekumsa (yaad-rimee) haaraa isaanii dhiyaate wanta isaan duraan beekan waliin walitti fidu. Barsiisaanni barachuu barattootaa cimsuuf odeeffannoo haaraa isaan qunname kan duraan beekan waliin akka walitti fiduu danda’aniif deggarsa kennuun irraa eegama.
    Fakkeenyaaf: barsiisaan waa’ee warshaa shukkaaraa yoo barsiisuu barbaade, sgantaa dawwannaa qopheessee barattoota dawwachiisuu ykn viidiyoo waa’ee warshaa shukkaaraa agarsiisu dawwachiisuun barbaachisa. Barattoonni muxannoo hiikoo qabu uummachuuf odeeffannoo barbaaduurra haala kamiin odeeffannoo walitti qabatan, guttatani fi hiika itti kennanii beekuutu barbaachisa. Tooftaaleen caaseeffamaa barsiisoonni ittigargaaramanii barsiisan hedduutu jiru. Isaan keessaa haalaan waliitti qindeessuun barsiisuu (advanced organizers) fi gocha qabatamaan barsiisuun (expository teachings) kanneen ijoodha.
    Haalaan Waliitti Qindeessuun Barsiisuu (Advance organizers):
    Toofaan barsiisuu kuni barattoonni waan dubbisan wanta isaan duraan beekan waliin akka walsimsiisaan kan jajjabeessudha. Muxannoon ykn mateeriiyaaliin baratamuu yoo duug-duubee fi muxannoo barattootaa waliin walsimee barannichi hiika qabaata. Yoo qindoominni sirritti qophaa’e, beekumsa barattootaa duraan kuufame ni dadammaqsa kunis walitti dhufeenyaa mateeriiyaalii isaan dubbisaa jiran waliin ni uumama. Tarsiimoowwan armaan gaditti dhiyaatan tooftaalee walitti fiduun barsiisuu hojiirra oolchuuf gargaaranidha.
    • Tootoowwaan, calaqqee afaanii, kaartaa, diagrams. Fakkeenyaaf hariiroo walxaxaa qaamoolee adda addaa gidduu jiru taatoon agarsiisuun.
    • Give a scenario and ask students to infer rules based upon their current knowledge.
    • Barattoonni xabiyoota haalootaa beekamoo addaan baafatanii yaada-rimee ykn yaada haraa waliin akka walsimsiisan jajjabeessuu.
    • Rakkoolee addaan baasuun sababa maaliin akka uumamuu danda’an dursanii akka ibsan gaafachuu. For example, discuss the origins of a war before describing its major battles.
  6. Gocha Qabatamaan Barsiisuu (Expository Teaching)
    Malli barsiisuu kuni barsiisoonni tooftaalee barattoonni isaanii haala salphaa ta’een odeeffannoo akka isaan ofitti fudhachuu, kuufachuu fi yaadachuu (retrieval) danda’ani irratti kallattii kan argisiisanidha. Barattoonni yaada guuduunfaa sirri ta’ee akka maddisiisaniif walitti dhufeenya odeeffannoo yaad-sammuu akka qindeeffatan gargaaru qaba.
    Fakkeenya: Barsiisaan daa’mman dubbiisuu barsiisa haaluma kanaan daa’imman qubee ‘A’ fakki adurrree adeemsa keessa agarsiisaa barsiisa.
  7. Tasa adeemsa keessaan Barachuu (Learning via insight)
    Gochaan barachuu tarsiimoo yaad-hiddama barachuun yaad-qalbiin hubannoo barachuu saffisiisuuf ifa taasiisaanidha. Tarsiimoon barsiisuu kun barsiisonni mala qorachuun barsiisuu(discovery approach) gargaaramuun barattoonni yaalii fi gochaan barachuun (learning by doing) odeefannoo isaanii dhiyaatu hika kunnuun akka hubatan dandeesiisa.
    Gochaan barachuun dhiibbaa si’aayinni keenya barachuu fi guuttachuu Keenya irratti akka qabu ibsu. Bruner (prominent figure in the area) presented teachers with a developmental model suggesting that our motivation changes developmentally. There are three stages of motivation. isaanis enactive, iconic, and symbolic. Gabateen armaan gadii yaadoota kana ibsa.
    Enactive Yaammuu umurii ijoollumaa ganamaa fi mucummaa si’aayinni guttachuu fi waa baruuf qabnu kan ilaaludha. Jechuun waan qabatamaa harkaa keenyaan dalaguu fi qaqqabuun qaqqabuun guttachuu (beekuuf) kakaana.
    Ionic Yammuu umurii barumsa geenyu kaka’umsi waa beekuuf qabnu ikonikii (Iconic) jedhama. Kana jechuun waan hutii beekuuf kakaanu waantoota qaamaan miireeffamu yokkiin qaamaan tuxuqamu ta’uu dhisuu danda’u. suuraa fi meshaale deggarsaa dawwataman fi muxannoo darbe yaadachuu irraa barachuuf kakaana. ..
    Symbolic Yammuu dargaggummaa akkuma wayitii manguddummaa kaka’umsi keenya waan afuura ykn axareeraa ta’e beekuuf. Jechuun yaadirimeewwan axareeraa ta’an haala qabatamaan oso hinmiireessin haala axareeraa ta’een hubachuu dandeenya.
    Table 1: gulantaalee Dagaagina Si’aayinaa
    Gochaan barachuun dandeettii yaaduu goree irraa gara goorootti (induction) yaaduu jajjabeessa. Yammuu deebii gaaffileef barbaannuu fi rakkoolee furuuf yaalluu hariiroo wantoota gidduu jiru barbaadna.
    fakkeenya
    Barsiisaa Baqqalaan barattoota isaa gaaffii kanatti aanu dhiyeesseefii. Ibsaan Isaayyaasiin waggaa lama yammuu hangafu Dibooraani.ammaa waggaa tokko Ibsaatiin hangafitti. Hunda caalaa eegoo ykn umurii xiqqaa kan ta’e eenyuu? Zaaraan dheerinni ishee Roomaanii gadi yammuu taatu Lammiitiin ammo caalti. Hunda caalaa kan dheeratu enyuu? Zara is shorter than Roman and is taller than Lami. Barsiisaa Baqqalaan qalbeeffannaa barattootaa rakkoo ykn gaaffiilee kenne irratti akka xiyyeeffatamu taasiisuun rakkoo kenname xiinxaluun akka yaalan taasiisuun fakkeenya gochaan barchuut. .
  8. Yaad-hiddama Karaa lamaan Barachuu (Dual coding theory)
    Jecha kana kanaan dura beektaa? Waa’ee dhuhinsa Volkaanoo barachuuf mala baruu-barsiisuu isa kamiitu siif mijataa?
    a. Namni biroo yammuu waan uumame odeessu ykn dubbisu dhaggeeffachuu
    b. Suura dhohinsa volkaanoo agarsiisu ilaaluun..
    c. Namni biroo suura dhohinsa volcaanoo agarsiisu qabatee waan uumame oso ibsuu ykn dubbisuu yoo ilaaltu
    Yaad-hiddama Karaa lamaan Barachuu (Dual coding theory) akka amanutti waan barannee caalumatti kan huibannuu ykn yaadannuu adeemsa barachuu karaa lamaan yoo baranneedha.fakkeenyaaf ilaaluu fi jecha dhaggeeffachuu barachuu. Akkaataa yaad-hiddama kanaatti malleen lamaan odeeffannoo bilcheessuun dandeettii ofitti fudhannaa fi sammuutti kuufachuu ykn qabachuu barattootaa foyyeessa. Qofaa qofaa isaaniitti odeeffannoo sagalee fakkii bilcheessuun ciminaa fi hi’ina mata- mataa isaanii qabu.
    Tarsiimmoowwan yaad-hiddama malleen lamaan barsiisuu ittin fayyadamnu;-
  9. Wayita yaad-rimee afaaniin ibsitu ykn erga ibsiitee booddee fakkii dhimmicha agarsiisan fayyadami
     Suura ykn fakkii yaad-rimiicha bakka bu’an fayyadami
     Taatoo yaad-rimee sana agarsiisan fayyadami.
     Kiliipii viidiiyoo yaad-rimee waliin walqabatan fayyadami.
  10. Wayita dubbattan fakkii ykn taatoo kaasuun agarsiisi.
    • Fakkii yaad-rimee yaad-rimee bakka bu’an boocuun argsiisuu
    • Oso dubbataa jirtuu maappii yaad-rimee boocuu
    • Odeeffannoo afaanii (verbal information) gabatee uumuun gurmeessuu.
    • Odeeffannoo afaanii (verbal information) chaartii uumuun gurmeessuu.
  11. Yaad-hiddama Iskeemaa (Schema theory)
    Yaad-hiddamoonni barachuu yeroo ammaa haala odeeffannoon sammuutti qabannaa yeroo dheeraa keessatti kuufamuu danda’u ibsuuf yaad-hiddama skeemaatti gargaaramu. Yaad-hiddamni kuni haala uumama skeemaa fi barbaachisummaa akka elementii tokkootti adeemsa odeeffannoo bilcheessuuf keessatti qabu irratti xiyyeeffatu. Skeemaataa walitti qabaa beekuumsa duraan yammu ta’u hangaa fi qulqullina (proficiency) barachuu keenyaa ni murteessu. Qorannoon yaad-hiddama skeemaa akka addeesutti yaad-rimeen axareeraa kan sirritti hubatamuu danda’an yoo odeeffannoo qabatamaa fi wal-simataa ta’e sirnaan ijaarameedha. Beekumsi waliigalaa fireeworkii ykn caasaa odeeffannoon haaraan itti simatamu ni uuma. Skeemaan meeshaa filatamaa ittiin addunyaa hubatmudha. Karaa skeemaa waantoonni guyyaa guyyaan haala salaphaa ta’een (automatic) hubatamuu danda’a. namoonni haala saffisa qabuun waan haaraa guttatan skeemaatti gurmeeffachuun dhamaatii hedduu malee irratti hojjechuu danda’u.
    Fakeenya:
    Namoonni bayyeen iskeemaa seer-dandii waa yaabbachuu (koru) waan qabaniif waan fakkaatuu garuu kanaan dura hinargine salphaatti koru (yaabbachuu danda’u.
    Haaluma kanaan yaad-hiddamni Iskeemaa akka amananiitti beekumsa duraanii cee’umsa gochaalee barachuu haala tokko irraa gara haala biratti taasiifamu irratti dhiibba uuma. Kana jechuun beekumsi duraanii adeemsa barachuu odeeffannoo haaraa saffisiisa yookiin ammoo akka gufuu ta’uu danda’u beekamuu qaba.
    Fakkeenya:
    Namoonni baayyeen paakeejii sooftiweerii haaraa barchuuf yammuu yaalan beekumsi soft weerii duraanii adeemsa barachuu isaa akka gufaachiisu gabaasu.
  12. Gulantaalee barachuu garaagaraatti fayyadamuu
    ‘Robert Gagne’, beekamaa saayikoojist Ameriikaa kan ta’an modeela odeeffannoo bilcheessuu gara baruu barsiisuutti ceesiisuun gulaantaalee barachuu (phases of learning) jechuun moggaaseera. Akkuma gabatee 2 irratti ibsame ‘Robert Gagne’ odeeffannoo bilcheessuu fi gochaalee baruu-barsiisuu walcinaa kaa’uun akka hubatamu qindeesseera.

Adeemsa keessa Gocha barsiisuu Fakkeenya gochaa
Wanta baratamuttii abdii qabaachuu (Reception Expectancy) 1. qalbeeffannaa argachuu

  1. barattootaatiif kaayyoo isaa himuu -jijjirama kakaasaa battalaati fayyadamuu
    -erga baratanii booddee waan dalaguu qaban battootaatti himu
    Sammu hojii keessaa yaadachuu (Retrieval to Working memory) 3.barachuu duraanii irra deebi’anii akka waaman jajjabeessuu Beekumsa ykn ogummaawwan duraan baratan akka himan gaafachuu
    Guttannaa filatamaa 4.kakaasa dhiyeessuu Qabiyyee bifa adda ta’een agarsiisuu
    Semantic encoding 5. Qajeelfama barachuu kennuu Barachuu hiika qabu jajjabeessuu.
    • Deebiisa onnachiisuu
    • yaadachuu fi onnachiiftuu 6. Raawwii kakaasuu
  2. Duub-deebii kennuu
  3. Raawwii iyyaafachuu Duub-deebii kennuu raawwaannoo barattootaa dabalataa eeguu
    Yaadachuu fi walittiqabuu (Generalization). 9.Yaadachuu (retention) fi cee’umsa (transfer). barachuu jajjabeessuu Gochaalee addaa bakka itti dalagan waliin kennuu
    Table 2: Gulaataalee Barachuu Gagne
  4. Qubee jalqabaatin qabachuu (Mnemonic)
    Barsiisoonni tooftaalee yaadachiftuu odeeffannoo kan akka qubee jalqabaa gurmeessuun barachuu barattoota qajeelchu akka odeeffannoo sammutti qabatan taasiisu dha. Nemonikii odeeffannoon bilchaatu salphaatti akka yaadatamuuf caasaa walfakkatu uuma. Qubee jalqabaan yaadachuu hedduun bifa gabaajeen qabaatu. Qabeen tokkoon tokkoon isaa yaad-rimee haaraa waliin ijaarama. Quubee jalqabaa jechaa yaadirimeewwanii isa jalqabaa jechootaa beekamaa ta’een qindeessuun yaad-meen haraan baratamee akka yaadamu taasiisuu.
    Fakkeenya
    Tartiibaa pilaanetoonni biiftuu(aduu) irraa qaban yaadachuun qubeewwan pilaaneetootaa isa jalqabaa fudhachuun hima ijaaruun salphaatti akka yaadatamu dandeesiisa.
    Order of Planets: My Very Excited Mother Just Served Us Nine Pineapple
    (Mercury, Venus, Earth, Mars, Jupiter, Saturn, Uranus, Neptune, and Pluto)
  5. Yaad-rimee Maappessuu (Concept Mapping)
    Yaad-rimee maappessuu yaad-rimee ‘Tony Buzan’ nama jedhamuun ifa bahe. Yaad-rimee maappessuun yaad-rimeewalitti hidhiinsa yaad-rimee fi kutaalee xixiqaa yaad-rimichaa ilaachisee barattoonnii fi barsiisoonnii salphaatti akka hubatan kallattii agarsiisa. Kunis taatoo fi graafii adda adaatiin ibsuun akka hubatamu gochuuf danda’ama
    FKN Barsiisoonni caasaa armaan gadii gargaaramuun caaseeffama hawaasummaa kaannisaa argisiisuu danda’u Saala saala Saala</code></pre></li>

Fig 6: Caaseeffama Hawaasummaa kannisa Dammaa
Yaa-rimee maappeessuun mala beekumsa taatootiin bakka buusuutti. Taatoon beekumsaas netwoorkii yaad-rimeewwaniitti. Neetwoorkiin yaad-rimee xiyyoo (points/vertices) fi qunnamsistu isaanii (links) qabata. Xiyyoon (points/vertices) yaad-rimeedhaan yammuu bakka bu’u qunnamsiistuun (links) ammoo hariiroo yaad-rimeewwan gidduu jiru bakka bu’a.
Yaadrimee fi qunnamsiistun altokko tokko bakka buutun kaa’amu danda’u. qunnamsiistuun kaallatti malee, kaallatti-tokkee ykn kallatti-lamee ta’u danda’u (non-, uni- or bi-directional). Yaadrimee fi qunnamsiistuun goosamu (categorized) danda’u.
Barbaachisummaa maappessuu yaad-rimee
• Yaada maddisiisuuf (brain storming, etc.);
• Caasaa walxaxaa wixineessuuf (long texts, hypermedia, large web sites, etc.);
• Yaada walxaxaa waljijjiruuf
• Beekumsa haaraa fi duraanii walsimsiisuun adeensa barsiisuu saffisiisuuf
• Hubannoo iyyafachuu
• Rakkoo hubannoo dhabuu sakatta’uuf
Yaad-rimeewwanii Mappeessuu dhuunfaakee qabiyyee barbaaddee keessaa ijaari.
Gochaalee
Kutaa kana keessatti dhimmaa hojii baruu-barsiisuu daree hojiirra oolmaa yaad-hiddama yaad-sammuu qabiyyeen adda adda barattaniittu.kanaafuu gaaffilee hanga hubannoo keessan iyyafachuuf akkataa hirmaan gaditti dhiyaatan mara oso duub-deebii itti aananii dhiyaatan hinduubbisiin yaalaa. . 1. yaad-hiddama yaad-sammuu baruu-barsiisuu daree keessatti hojiirraa oolchuuf tarsiimmoowwan barbaachisan maal fa’i?

  1. hojiirra oolmaan yaad-hiddama yaad-sammuu kanneen yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii irraa maaltu adda isa taasiisaa?
  2. barsiisuu keessatti ciminnii fi hanqinni yaad-hiddama yaad-sammuu fakkeenya fudhachuun ibsi..
    Duub-deebii kutaa baraqannoo kanaa
    Gochaalee hundaa akka yaaltan ni abdanna. Duub-deebiin kenname fireemworkii waliigalaa fi naannoo deebiisni kessan irratti xiyyeeffatu agarsiisuuf malee deebii guutuu kan qabate miti. Kanaafuu dhimmoota qabiyyee tarsiimmoo ittifayyadama yaad-hiddama yaad-sammuu, bifootaa fi ciminaa fi laafina tarsiimmoowwan kana irratti xiyyeeffatu irra deebitanii dubbisuun hubannoo gad-fageeynaa qabaachuun isin irraa eegama.
  3. Yaada bu’uuraa yaad-hiddama barachuu yaad-sammuu toofta akkamin yoo fayyadamnee gara adeemsa baruu-barsiisuuti ykn daree barnootaati hiiku dandeenya jette yaadaa?
  4. Hojii irra oolman yaad-hiddama barachuu yaad-qalbii, yaad-sammuu irraa akkamin addaa?
  5. Adeemsa baruu-barsiisu keessatti cimina fi hanqinni yaad-hiddama barachuu yaad-sammuu maal fa’ii? Yaada kee fakkeenyaan deeggaruun ibsi.

Kutaa 2.3: Hojiirra Oolma Yaad-hiddama Barachuu Konistiraaktiiviizimii Daree Barnootaa Keessatti
Xiyyeeffannan yaad-hiddama barachuu Konstiraaktiiviizimii maal akka ta’ee ni yaadataa? Yaada kee barataa daree keetiif qoodii.
Haalli hojiirra oolmaan yaad-hiddama kanaa akkamiin sitti fakkaataa?


Egaa barataa/ttu! Yaad-hiddamni barachuu Konistiraaktiiviizimii kan hundaa’u barataan tokko hubannoo waa’ee addunyawwa inni/isheen keessa jiraatan kan ijaaratu/ttu muuxannoowwan ofii-qaban calaqiisisuun amantaa/yaada jedhu irratti dha. Barattootni beekumsa sammuu isaanii keessatti qaama guutuu wayii eegachuun miti, harkaa caallu hubannoo ofiif-qabanii fi haaloota jiraniif hiika itti kennuuf haala dammaqiina qabun beekumsa ijarachuuf gahee ol-aanna isaan qaban hubatanii socha’uu. Yeroo qajeelfama, yaada bu’uuraa, ykn uumama adda ta’ee fi hiika hin qabnee isaan muddatu, barattootni hiika mataa isaanii itti kennu ykn seera haaraa ta’ee fi yaada hubatamuu danda’u burqisiisu. Haala jireenya naannoo isaanii fi walitti dhufeenya namoota biro wajjin qaban irratti hundaa’un waa’e wantoota wal-fakkaatan bifa garaagaraan qaacceessu dagaagfachuu danda’u. Jecha biraatin, beekumsii dhala namaa haala naannoo fi dhiibba walitti-dhufeenya hawaasumma irratti kan hundaa’u dha.
Akka ilaalcha Konistiraaktiiviizimiiti, barachuun kan uumamuu yeroo namnii tokko adeemsa barachuu keessatti dammaqinaan hirmaatanii fi beekumsa haaraa isa duraan jirun wajjin wal-simsiisu danda’anii dha. Barachuun adeemsa si’aayinaa keessatti kan ijaaramu malee beekumsa ofitti-fudhachuu miti jedhamee ilaalamma. Akkasummas, barsiisuun adeemsa barattootni akka yaada mataa isaanii ijaaratan deeggaruu, malee akka beekumsa dhiyyeessuuti kan ilaalammu miti. Yeroo Konstiraaktiiviizimiiti hojiiti hiiku, barsiisan odeeffannoo barattootni duraan beekan irraa ka’uun gara malleen gaaffii yaada haaraa burqisiisu fi hordofii cimaa malleen ta’aanitti fayyadamuunii dha. Iskaafooldigiin (Scaffolding) jechuun mallee barattoota giddutti miira tuquu/kaka’uumsa uummu danda’aaniiti fayyadmuun gargaaruu fi haala qabiyyee barannoo duraa-duuba qabu wixineessuun suuta suutaan hubannoo barattootni duraan qaban irratti hundaa’un yaada bu’uuraa haaraa akka isaan ijaaratan/gabbifatan barsiisu dha.

Haala Wixinee Barachuu Konistiraaktiiviizimii
Haalli wixinee barachuu kan xiyyeefatu maallan barsiisa (wanta barsiisnu) fi akkamin yoonan barsiisee immo gaarii ta’a gidduuti qunnamti (wal-qunnamsisuu) uummu dha. Kanaafis, yaad-hiddama barachuu Konstraaktiiviizimiin kan bu’uura godhatu dhimmota baay’ee karoorsu irra kaasee hanga madaalliiti jiru dha. Qabxiilee ijoo ta’an akka armaan gadiiti kan ilaalu immo ta’a.
Haalli “Wixinee Barachuu Konstraaktiiviizimii” elamantoota barbaachisoo jaha (6) ta’an irratti kan xiyyeefatu dha. Isaaniis: Haala qabatamaa (Situation), Gareedhan ijaaru (Groupings), Ceesist ykn Wal-qunnamsisuu (Bridge), Gaaffilee (Questions), Qaameefachuu (Exhibit) fi Calaqee yaadaa (Reflections) (SGBQER) fa’a dha. Elamamtooni kun kaka’uumsa barsiisan karoorsu fi calaqee waa’ee adeemsa barachuu barattootati kennu irratti kan wixineefamee dha. Barsiisan qabatamaa jiru barattootaaf ibsa kennu dagaagsa, adeemsa waa’ee gareen ijaaru meeshalee fi barattootaa, wanta barattooni kan dura beekanii fi wanta isaan (Barsiisooni) akka baratan fedhan gidduuti riqiicha ijaaru ykan wal-qunnamsisuu, osoo ibsa irratti hin kennin gaaffii gaafachuun barattooni akka deebiisun hirmaatan, wanta barattooni sammuuti isaanii keessatti qabatanii fi yaadan akka warra kaan wajjin wal-jijjiiran jajjabeessuu fi waanta baratan irratti calaqee yaadaa akka barattooni kennan isaan gaafachu dha. Kun kan mul’isu barsiisooni waanta kitaaba barataa irra jiru sana irra deebi’anii gabatee gurracha irratti akka barreessan osoo hin ta’iin, fiixaan ba’iina barannoo sanaa ta’u qaba.
Qabxiileen armaan olitti kaasuuf yaalamee irra keessa elamantoonii jahan tokko tokkoon akkamin wal-qabatanii fi gurrmaa’inaan hojjatan ilaalee, amma immo elamantoonii hunda gadiifageenyaan akka armaan gadiiti ilaaluu dandeenya:

  1. Haala Qabatamaa (Situation): Barattoonii ibsa akka kennan haala akkami mijeesstaaf? Haala kanaaf mata duree kenniif sana booda adeemsa rakkoo hiiku irratti ibsa kenni, gaaffiiwwan akka deebii kennan, irratti yaadan godhi, murtee kennan, gudunfan, ykn galma akka kaawwatan/qopheessan taasiisu dha. Haalli kun barattoonii maal gochu qabu fi barattoonii akkami hiika mataa isaanii itti kennu jedhu of-keessatti hammachuu qaba.
  2. Gareen Ijaaru (Groupings): Haala gareen ijaarun bakka lamatti qoodamaa:
    A. Barattoota kee gareedhan akkamin ijaaruf yaadee; daree guutuu, dhuunfaan, miseensa waliin yaaduu nama lama, sadii, afur, shan, jaha qabun, ykn sanaa olii fi gareedhan isaan ijaaruf adeemsa akkamin fayyadamtaa; lakkoofsan moo, gosa haalluu filachuun, ykn kuduraaf mudurraatin, ykn uffata wal-fakkaatu uffataniin? Kun haala ati wixineessitee fi meeshaalee of-harkaa ykn dhiyyeenyati qabu irratti hundaa’a.
    B. Meeshaa barattoonii haala jiru ibsuuf itti fayyadaman akkamin gareedhan qindeessitee jirtaa bifa moodeelaanii moo, graafiitin bakka bu’ee, ibsa lakkoofsa qabun, muuxannoo waliin qaban irratti dhuunfaan akka barreessan? Haalli barattoota gareen ijaartu meeshaa hammam ati qopheessitee of-harkaa qabun irratti kan hundaa’a dha.
  3. Ceesiistu/Wal-qunnamsiisu (Bridge): Kun hubannoo barattoonii kana dura qabanii fi wanta isaan barsiisu barbaadee fi haala jiru ibsu gidduuti riqiicha ijaaruuf hojii murteessa fi isa hangafaati jedhamee yaadama. Haalli kun kan of-keessatti kan hammachuu danda’u kanneen akka: gocha salphaa ta’ee kennun akka isaan furan, marii daree barattoota hunda hirmaachisuu, akka tapha taphatan, ykn tarreessan ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokkoo gochi kun osoo barattoota gareen hin ijaaramiin duraa fi erga isaan gareedhan ijaartee booda taanan baay’ee gaarii dha. Isa kamtu sirrii dha isa jedhuuf osoo itti yaadee gaarii immoo ta’a.
  4. Gaaffilee (Questions): Gaaffilee dhiyyeessun elamantoota wixinee barachuu hunda keessatti kan raawwatamuu dha. Seena haala qabatmaa jiru irratti taasiisuf gaaffilee isaan qajeelchan akkami fayyadamta, haala gareen ijaaru qindeessuuf, riqiicha ijaaruuf, haala si’aayinaan barachuu itti fufsiisuf, akka yeroodhan sammuu isaanii keessatti qabatanii fi yaada isaanii akka calaqisiisan jajjabeessuuf. Barattoonii gaaffii akka isaan gaafatan carraa kennu fi attumtii barattoota kee hirmaachisuuf fi akka waan sammuu isaanii keessatti yaadan sana ibsatan akkasummas itti fufiinsan ofii isaaniitif itti yaadan gaaffilee qopheefachuu qabda.
  5. Agarsiisa (Exihibit): Kun kan of-keessatti hammatuu wanta sammuuti qabatan sanaa fi haala jiru sana ibsuuf agarsiisa ykn mul’isa taasiisanii dha. Kun kan of-keessatti hammatuu kanneen akka: Kaardii irratti barreefamaan ibsu fi afaaniin dhiyeessuu, Graaffii, chaartii hojjachuu, ykn wantoota ijaan mul’atan kan biroon dhiyeessuu, gochan agarsiisu ykn waan isaaniiti dhagahamee gahee taphachuun agarsiisu, wantoota ijaarun moodeelaan bakka busuu, fi vidiyoo tappiin, fakkiin qopheessuu, ykn sagaleedhan warraabanii agarsiisu.
  6. Calaqee (Reflections): Kun calaqee barattootaa waa’ee haala qabatamaa jiru ibsuuf jecha maal isaan akka yaadaa turanii fi agarsiisa kan biro irra wanta isaan daawwatan hammataa. Wanta adeemsa sammuu isaanii yaadatan keessatti waan isaaniiti dhagahamee, yaada isaanii keessatti fakkii kaasan, qaamaa isaanii keessaa keessatti falmii jechoota. Ilaalcha, ogummaa, fi yaada bu’uuraa barattootni waan bal’bala isaanii dura argamuu keessaa maal akka baratan? Barattootni wanta haar’dha baratanii keessaa maal boor yaadatuu? Kana dura maal beeku, maal immoo barachuu barbaaduu, maal immoo baratan?
    Iyyaafannaa
    Wixinee barachuu kana kessatti iyyaafannaan akka qaama gulantaa hundaa ta’ee argamaa. Kana jechuun: Barsiisan haala qabatamaa kan wixineessuu akkaataa inni/isheen haala barachuu, fedhii, fi kaka’uumsa barattoota irratti hundaa’un iyyaafachuufi dha. Barsiisan adeemsa gareen ijaaru kan wixineessan inni/isheen meeshaa harkaati qabanii fi fedhiwwan garaagaraa barattoonii isaanii qaban irratti hundaa’un iyyaaffatu. Barsiisan iyyaafanna salphaa ta’ee kan wixineessuu akka ceesiistu wanta duraan barattoonii beekanii fi isaan barsiisuu barbaadan irratti hundaa’uni dha. Barsiisan gaaffilee kan wixineessan qabxilee ijoo ta’an irratti hubannoo, ogummaa, ykn ilaalcha barattoonii isaanii qaban iyyaafachuufi dha. Wanta isaan barsiisan irratti barattoonii wanta galmeefatan ykn sammuuti qabatanii fi qaama biroof dabarsanii kennan barsiisonii kan qindeessan iyyaafannaa gaggeessuu. Wanta barattooni baratanii fi haala qabatamaa jiru adeemsa qaama sammuu isaanii keessatti hangam akka qabatanii fi yaadaa akka kennu danda’an iyyaafachuuf barsiisonii calaqee qindeessuu.
    Gosti wixinee akkasi si’aayinaan barachuu barattoota irratti kan hundaa’u dha; kuniis kan of-keessatti hammatuu; haala qabatamaa jiru keessatti barattoonii xiyyeefannoo qindoominaan qaban irraa ka’uun uumama wantoota irratti ibsa mataa isaanii kennu, rakkoolee qabatamaan jiran hiikuuf yaalii taasiisan, ykn adeemsa gaaffii mataa isaanii ijaaratanii dha. Barattoonii deeggarsaa fi qajeecha barsiisoota isaanii irraa argatan irraa ka’uun beekumsa ofii isaanii haala qabatamaan jiru kessatti dammaqinaan hiika mataa isaanii akka kennan gaafatamuu. Barsiisonii haala barachuu erga mijeessan booda barattoota garee keessa jiranii fi beekumsa ofii isaanii akka ijaartanii akkasummas hubannoo isaanii irratti ibsa akka kennuun jajjabeessuu. Yaad-hiddamni barachuu Konstraaktiiviizimii gosa barnoota hundaa keessatti kan hammatamuu ykn barsiisonii gosa barnoota kamiyyu keessa jiran yaada yaad-hiddama kanaa itti fayyadamuu kan danda’anii fi barattooniis barnoota barsiisan isaanii barsiisuu keessatti hirmaana dammaqina qabun beekumsa mataa isaanii ijaaratuu malee callisanii odeeffannoo barsiisaa irraa argatan sammuuti kan qabatan miti.
    Fakkeenya Pirinsiipiloota Barsiisuu Yaad-hiddama barachuu Konistiraaktiiviizimii Daree Barnootaa keessatti Qabu (Example of constructivism principles in classroom teaching)
    Yeroo amma kanaa, barsiisonii yeroo daree keessatti barsiisa jiraniiti malleen barsiisuu hedduuti fayyadamuu. Gareen yaad-hiddama barachuu Konstraaktiiviizimii akka barsiisonii malleen barattoota-giddu galeefatee fi barattoonii hojjataa fi muuxannoo isaan qabaniin akkasummas si’aayinaan akka barachuu qaban lafa kaa’u.
    Gabatee 3: Gahee Barsiisotaa fi Barattootaa Daree Barnootaa Konstraaktiiviizimii Keessatti Qaban (Teacher’s and Student’s Role in Constructivist Classroom)
    Gahee Barsiisotaa Gahee Barattootaa
    Barsiisooni wanta barattoonii yaadan ykn ilaalcha qabatan akka ibsattan deeggaruu fi yeroo wanta kana calaqisiisan jajjabeessuu. Barattoonii dhimma dareee keessatti mari’atan xiinxaaluun hanga deebii irra gahaaniiti gaaffii kamiyyu gaafachuuf kaka’uumsa qabaachuu qabu.
    Dandeeti yaaduu barattootaa cimsuuf barannoo qoqooddu qabu (Structure lesson to challenge student’s thinking).
    Barattoonii carraa argataniin yaada isaanii barattoota birootif dabarsuu/ibsafachuu fi barattoota biro dhageefachuun hubannoo ofii isaanii ijaarachuu danda’u.
    Faayidaa sirni barnoota jireenya barattootaaf qabu akka hubatan qajeelchuu. Barattoonii yeroo hunda qunnamtiin sirna barnootaa fi jireenya isaanii giddu jiru maal akka ta’ee gaafatuu.
    Barattoonii barnoota daree keessatti baratan jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti itti fayyadamuu isaanii madaalluu. Barattootni wanta daree keessatti baratan gara haala jireenya isaanii guyyaa guyyaati taasiisan keessatti itti fayyadamanii fi hojiiti hiikuf dirqama yaaduu danda’an qabu.
    Barattootni rakkoolee jiran furuuf assayimantii akka hojjatan, xiinxalan, tilmaaman, haala kaka’uumsa qabunii fi mala-dhahuu akka danda’an jajjabeessuu qabu. Gargaarsa barsiisota isaanii irraa argataniin barattootni sadarkaa yaaduu ol-aanna ta’ee fi calaqee ofii isaaniitin fayyadamuun abbaltii (assayimantii) isaaniif kennamee hojjachuu fi rakkoo hiiku danda’u qabu.
    Barattootni deebii ibsa gadii-fageenya qabun akka isaan kennan gargaaruu fi jajjabeessuu qabu. Barattootni deebii fi yaada sammuu isaanii akka ibsatan ni jajjabeefamuu.
    Mala gaaffiitti fayyadamuun dandeetti waa-uumu barattootaa akka cimu gochu fi wanta isaan hin hubannee irratti akka hiriyyoota isaanii gaafachuun hubatan barattoota isaanii jajjabeessuu. Akka barattootni malleen barachuu kanneen akka gaafachuu, sammuu keessatti fakkii kaasuu (mind mapping), SQ4R fi kan biro gonfatanii fi itti fayyadaman jajjabeessuu.
    Gahee armaan olitti eeramee irraa ka’uun mee barataa, amaloota ijoo daree barnootaa Konistiraaktiiviizimii keessatti mulatan maal fa’ii akka ta’an yaaduu ni dandeessa? Barattoota daree keetii wajjin walii-qoduuf of-qopheessi!
    Amaloota bu’uuraa daree barnootaa Konstraaktiiviizimii ta’an muraasa akka armaan gadiiti ilaaluuf yaalla
    • Hiika waliini ykn akka gareetti ijaarachuun galma daree keessaa barbaachisaa dha (An important classroom goal is construction of collaborative meaning)
    • Barsiisooni ilaalcha, sadarkaa yaaduu fi wanta barattootati dhagahamee dhiyeenyati argamuun hordoofu (Teachers closely monitor student’s perspective, thinking and feeling)
    • Barsiisooni fi barattootni barachaa fi barsiisaa jiru (The teacher and students are learning and teaching)
    • Dareen barnootaa walitti-dhufeenya hawaasummaa barattootaa fi barsiisa eeyyamaa (Social interaction permeates the classroom)
    • Sirni barnootaa fi haalli qabatamaa daree barnootaa fedhii barattootaa fi aadaa hawaasa naannoo gonfachuu isaanii mul’isa (The curriculum and the physical contents of the class room reflect student’ interest and are infused with their culture)
    • Amaloota armaan olitti ilaalaa turee yaada bu’uuraa yaad-hiddama barachuu Konstraaktiiviizimii keessatti barbaachisoo ta’anii argamuu. Wanti namnii tokko yaaduu kan argamuu haala hawaasummaa fi qabiyyee wantoota qabataaan naannoo keessatti argaman keessatti malee, sammuu nama dhuunfaa keessatti miti yaada jedhun gareen kun ibsu. Akka gareen yaad-hiddama Konstraaktiiviizimiiti barsiisooni fi hiriyyoonii barachuu barattootaa keessatti gahee qabu jechuun cimsanii dubbatuu. Kana gochuuf malleen afuriitu argamuu, malleen kuniis: 1)Skaafooldingii (scaffolding), 2)Yaad-sammuu Shaakalsiisu (Cognitive apperenticship), 3)Gareen Barachuu (Cooperative learning) fi 4) Barnoota Dabalataa Kennu (Tutoring) akk fakkii 7 armaan gadiiti agarsiifamanii jiru.

Fakkii 7: Malleen barachuu yaad-hiddama Hawaasummaa Konstraaktiivizimii barachuu barattoota keessatti gahee qaban
Amma immoo barataa/ttuu; gara ibsa malleen yaad-hiddama barachuu hawaasummaa konstraaktiivizimii keessatti itti fayyadamnuu akka armaan gadiiti bal’inaan ilaaluuti darbinaa:
a. Iskaafooldingii (Scaffolding)
Iskaafooldingiin jechuun mala sadarkaa deeggarsa barachuu jijjiiruu of-keessatti qabataa. Barsiisoonii fi barattootni daree barnootaa isaanii keessaa dandeetti baay’ee ol-aanaa qabaniin gahumsa barattootni yeroo amma kana qaban haala wajjin wal-simachuu danda’un sadarkaa/hangii deeggarsaa ykn qajeelcha itti yaadamee qindoominaan qopha’ee kennamuu dha. Yeroo barsiisan dhimma/mata-duree haaraa barsiisuu, barsiisan haala barsiisuu ykn qajeechu kallatiin fayyadamee barsiisa ta’a, yeroo sadarkaa wal-dorggomuu baratichaa dabalaa deemuu immoo deeggarsii/qajeech barsiisichii kennuu hir’ata adeema.
Iskaafooldingiin yeroo deeggarsii barbaadamuu qofa kennamaa, haa ta’uu malee barataan sadarkaa isa itti aanuuti yeroo cee’u sana suuta suutaan dhaabataa ykn iddoodha badaa adeema. Argannoowwan qorannoo tokko tokkoo akka ibsaniiti yeroo barsiisanii fi hiriyyootni skaafooldingiiti gareen barachuu keessatti fayyadaman, barattootni barachuu isaanii irraa fayyadamoo ta’u jedhu.
(b) Yaad-sammuu Shaakalsiisu (Cognitive Apprenticeship)
Yaad-hiddameesittootni saayikooloojii dagaaginaa barnoota keessatti yaad-sammuu shaakalsiisun mala barbaachisaa ta’uu isaa itti amanu. Yaad-sammuu shaakalsiisu jechuu mala ogeessii bal’isuunii fi hubannoo gadii-aanaa ta’ee deeggaruu fi ogummaawwan aadaa hawaasati fayyadamuu dha. Yaad-rimeen yaad-sammu shaakalsiisu barbaachisumma si’aayinan barachuu irratti gar-malee kan xiyyeefatuu fi haala uumamaa barachuu qabatamaan jiru irratti bu’uurrefataa. Yaad-sammuu shaakalsiisun daree barnootaa keessatti barbaachisaa dha. Argannoowwan qorannoowwanii akka mul’isaniiti barattootni barachuu isaaniirraa kan fayyadamaa ta’an barsiisoota waa’ee walitti-dhufeenya barattoota isaanii wajjiniin qaban bifa yaad-sammuu shaakalsiisuutin yaadanii fi skaafooldingii fayyadamanii fi barachuu barattoota keessatti qajeelcha hirmaanatiin deeggarsa kennaniin dha.
(c) Deeggarsa Dabalataa Kennu (Tutoring)
Deeggarsa dabalataa kennuun bu’uura yaad-sammuu shaakalsiisu gidduuti akka oggeessaa fi barataa ta’uu danda’a. Deeggarsa dabalataa kennuun ga’eessootaa fi daa’imman ykn barataa gahumsa ol-aanaa qabu fi barataa gahumsa gad-aanaa qabu gidduuti gaggeefamuu danda’a. Deeggarsa dabalataa kennuun karaa barattoota gargaaruu baay’ee bu’aa qabeessa kan ta’ee dha, kun yeroo baay’ee barattoota barnoota isaanii haala gaariin hojjataa hin jireefi dha.
d) Qindoominaan Barachuu (Cooperative Learning)
Gareen barachuun muuxannoo fi marii gareen barachuu irratti kan hunda’aa. Gochooni gareeen barchuun priinsipiloota yaad-hiddama dandeetti ol-aanaa (multiple intelligence theory), barachuu gonfachuu, ogummoota yaaduu fi ogummoota qunnamtii of-keessatti hammataa. Barsiisoonii barnoota daree isaan barsiisan keessatti mala kanatti barsiisoota fayyadamuuf yaalan, kutanaa ol-aanaa, xiyyafannoo fi garee keessattin waliigalte cimaa kan qaban ta’uu qabu (qabachuu qabu).

Gareen barachuu keessatti, miseensoota garee wal-fakkaataa ta’ee keessatti barattootni gareen hojjachuuf si’aayina qabu. Dabalataan, fiixaan bahiinsa garee jechuun milkaa’ina dhuunfaa jechu dha. Barataan cimaan barataa gad-aanaa ta’ee milkaa’inaaf ni deeggaraa, kanaafis gareen isaanii qabxii ol-aanaa ni galmeessisaa. Sababnii isaas, qabxiin barataa dhuunfaa ida’ama qabxii waliigalaa garee sanaa waan ta’uuf. Kanaafis, barataan kamiyyu milkaa’ina gareedhaf itti gaafatamaa dha. Haala wal-fakkaatuun, akkamiin baratoonii biroon akka yaadanii fi rakkoo garaagaraa hiikan ni beekun isaan dandeessisaa. Akkasummas, namoota biro waliin akkamin akka qindoominaan akka hojjatan ni baratuu. Barachuu gar-malee akka hiika qabatuu fi gammachisaa taasiisuuf, barsiisan gochoota baay’ee qindeessuun qindoominaan ykn gareen barachuu kan akka mala Qoodinsa Milkaa’inaa Garee Barattootaa (Student Teams Achievement Divisions (STAD) technique) ykn mala Jiigsaw (Jigsaw technique) fayyadamuu danda’u qabu.
Ibsii malleen lamaan akka armaan gadiiti ibsamee jira:
Mala Qoodinsa Milkaa’ina Garee Barattootaa (Student Teams Achievement Divisions (STAD) technique
 Malli kun (STAD) beekamtii garee fi itti gaafatamuumma garee dandeetti garee wal-makaa barachuu of-keessatti hammataa
 Badhaasnii miseensa garee gahumsa kana dura qabu sana haala ol-aanaa ta’een foyyesseef kennamaa
 Barsiisan barannoo dhiyyeessaa, sana booda barattootni mata duree barsiisichii kennee irratti hunda’uun gaffilee kennaman hojjachuu qo’atu Usually, students are assigned to team of four or five members.
 Gareen gaaffileen isaanii kennamee/qoodamee shaakaluuf waliin ta’anii hojjatuu, haa ta’uu malee miseensoonii battallee dhuunfaan fudhatuu
 Firriin dhuunfaa akka qabxii garee waliigalaati gahee qaba
Mala Jiigsaw (Jigsaw technique)
 Mala kan keessatti, miseensa garee hunda irraa tokkoo garee ogeessotaa ijaaruf dirqiisifamaa
 Garee ogeessotaa keessatti, hanga ogummaa haaraa sana gonfataniiti akka oggeessaati sanaati ni yaadamuu
 Sana booda, gareen oggeessoota kun faca’uunii fi miseensii gareen hundaa gara garee isaanii duraaniiti deebi’uu
 Miseensii garee oggeessichaa ta’ee sun miseensoota garee isaa ta’an ogummaa haaraa baratee sana immoo ni barsiisa.
 Sana booda, garee hundaaf yaaliin (madaalliin) erga isaaniif kennamee booda, gahumsa isaanii irratti hunda’uun garee hundaaf qabxiin ni kennamaafi
Qindoominaan barachuu keessatti, barsiisan haala dandeetti barattootni garaagaraa qabanii irratti hunda’uun gareen ijaaru danda’a, kana jechuun fiixaan bahiinsa/gahumsa kanneen akka barattoota qabxii gaarii fi gadii-aanaa qaban, saba garaagaraa ta’an, koorniyaa isaaniitin, fi sansakka isaanii irratti hunda’uun ta’uu danda’a. Galmii ijoon akka isaan qindoominaan hojjatanii kan godhu fi sababa gahumsii firrii dhuunfaan isaanii gocha hundaa irratti qabxii waliigalaa ida’amee argamuu irratti waan hunda’uufi dha. Kanaafis, barataan stokko isa kan bira milkaa’ina fi ofittummaa isaanii xiqqeessanii akka argamaan gargaaruu qaba.
e. Itti Fayyadama Istiraateejiwwan Yaad-sammuu Ol-aanaa (Wal-xaxaa) Garaagaraa
(Using different meta-cognitive strategies)
Yaad-sammuu Olaanaa (Meta-cognition) jechuun: gocha yaaduu ta’ee yaad-hiddama barachuu Konistiraaktiivisimii wajjin walitti-dhiyeenya ykn wal-fakkeenya cima kan qabu dha, sababnii isaas odeeffannoo irratti hubannoo mataa ofii-ijaarachuu keessatti, barataan tokko yaaduu fi yaada mataa isaa sana immoo to’achu qaba. Waa’ee calaqee mataa-fii, itti-gaafatamummaa mataa-ofii fi kaka’uumsa ofii, akkasummas galma mataa kaawwachuu fi yeroo qaban sirnaan itti fayyadamuu jechu dha. Kana jechuun waa’ee yaada mataa-ofii yaaduu ta’ee adeemsa xiinxaallun odeeffannoo mataa-ofiin qaacceessuu dha. Akkasummas, waa’ee yaada mataa-ofii yaaduu fi adeemsa odeeffannoo ati akkamin akka itti qaacceessituu kan mul’isa dha. Akka fakkeenyaaf: Adeemsi yaad-sammuu wal-xaxaa (meta-cognition) yeroo qormaata ykn yaalii fudhachuu ykn qoramu keessatti haala ati gaaffilee dhiyyataniif deebii kennituu yeroo baay’ee beekamaa dha.
 Jalqaba, ati sammuu keetti yaaduu ykn odeeffannoo sammuuti qabanaa yeroo dheeraa keessaa jiru yaadachuu carraaqii taasiista
 Erga deebii kennitee booda, deebii ati kennitee sana irratti irra deebi’uun yaaduu kee kan mul’isu ykn odeeffannoo kana dura yaad-sammuukee keessatti argamuu sana yaadachuuf yaalii taasiistuu kan mul’isu dha. Kanaafis, adeemsi yaad-sammuu ati irratti dammaqinaan yeroo murta’aa sana keessatti hojjataa jirtu sanatuu yaad-sammuu wal-xaxaa (meta-cognition) jedhama.
Barattootni baay’een waa’ee yaaduu isaanii yaaduu irratti rakkoo qabu ykn yaaduu dadhabuu. Akka isaan yaadan sanatti yaaduu hin danda’an, kan jechuun adeemsa oddeeffannoo qaacceessuu isaanii to’achuu hin danda’an. Gochoota sadarkaa yaad-sammuu ol-aanaa fi barachuu murteessa ta’an kan akka of-karoorsuu, of-to’achuu, of-qindeessuu, of-gaafachuu (Self-Questioning), yaada ofii-calaqisuu, fi ofiin-keessa deebi’uu isaanii irratti rakkoo qabu ykn dadhabuu. Akkasummas, ogummoota barachuu irratti rakkoo qabu. Yoo ati ogummoota barachuu gaarii qabda ta’ee, kana jechuun akkamin akka madaaltuu, qindeessituu, fi yaada-ofii to’atu beekta jechu dha. Amma immoo barataa, dandeetti yaaduu barattoota kee foyyeessuuf istraateejiwwan itti fayyadamtuu muraasa akka armaan gaditti ilaaluuf yaalii gonna:

(a) Of-gaafachuu (Self-Questioning)
Adeemsa sadarkaa yaad-sammuu ol-aanaa/wal-xaxaa (meta-cognition) irratti haal mijeessuuf, barsiisootni barattoota isaanii malleen muraasa ta’an barsiisu danda’u qabu ykn isaan barsiisu fi yeroo barattootni malleen sana hojiiti hiikan (irratti shaakalan) eeyyamuu qabu. Malleen jiran keessaa tokko barsiisan gaaffilee wal-hin fakkaanee garaagaraa barattoota isaaniif dhiyyeessuu ykn barsiisootni barattootni isaanii gaaffilee mataa isaanii kanneen akka maddisiisan jajjabeessuu danda’u qabu. Fakkeenyaaf kanneen akka :
“Of-gaafachuu (Self-questioning) waa’ee gahumsa yaaduu fi waan isaaniiti dhagahamuu iyyaafannaa dukaa barsiisootni yaad-sammuu mataa isaanii akka barattootni madaallan jajjabeessuu. Akkasummas, barattootni akka of-sirreessuuf (self-correction) hojjatanii fi hubannoo haarawwaa dagaagsan barsiisootni haala mijeessuu.” Adeemsa of-gaafachuu keessatti, barsiisootni toofta yaad-sammuu yaad-qalbii jijjiiruuti (cognitive behavior modi-fication) fayyadamuu ni danda’u. Yeroo barsiisan gocha tokko erga barattooti agarsisee fi qajeelche booda toofta deeggaruu fi shaakaluun akka isaan gocha kennameef hojjatan taasisuun istraateejii sadarkaa yaad-sammuu ol-aanaa ykn wal-xaxaa (meta-cognitive strategy) jedhama (Fakkeenya armaan gadii kennamee ilaalaa).

Duraan dursee, barsiisan barattoota hunda erga garee xiqqaati qoodee booda garee hundii gocha murta’aa kennnamaaf (Firstly, the teacher divided the students into small groups and each group was given specific task).

Miseensoonii barattoota garee xiqqaan jalqaba gosa barnootichaa irratti walitti-dhufun hojii garee isaaniif kennamee irratti hojjatuu (Students meet in small groups at the beginning of Science class to review the task given to their group).

Maal akka hojjatanii fi gocha isaaniif kennamee miseensoota garee isaanii ta’an tokko tokkoon walii-qooduun gocha kennamee sanaaf deebii barbaaduu fi furmaata argachuuf hojjachuuf (They discuss what to do and divide specific task to each member to find answer or to solve problem).

Daqiiqaa 20 booda, walitti-dhufun wanta irra gaha irratti mari’atu (After 20 minutes, they meet again and discuss their finding).
Kana jechuun barattootni yaada isaanii fi waan barattootni biroon yaadan irratti hubannoo akka qabaatan taasiisaa. Barsiisan waan barattootni isaan yaadan irratti akka hojjatan qajeelcha.
(b) Istraateejii KWL (KWL strategy)
“Istraateejii KWL’n barattootni waan beekan (enabling students to know what they know), waan isaan barachuu barbaadanii (what they want to learn) fi waan isaan hanga ammaatti hin-barattin (what they did learn) akka beekan/baratan taasiisaa.” Marii barattootni wanta beekan irratti gaggeessanii, fi odeeffannoo jiru dhageefachuun istraateejiin yaad-sammuu ol-aanaa ykn wal-xaxaa kun kan jalqabu ta’a. Sana booda, barattootni waan isaan barachuu barbaadan irratti tilmaama ofii isaanii ijaaratan jajjabeeffamuu.
(c) Istraateejii PQ4R (PQ4R strategy)

Fakkii 8: Gabaajee “PQ4R” (Acronym for “PQ4R”)
PQ4R’n gabaajee Irra keessa ilaaluu (Preview), Gaaffii (Question), Dubbisuu (Read), Calaqee (Reflect), Yaadachuu (Recite) fi Keessa deebi’uu (Review) akka fakkii 8 armaan olitti mul’acha jirutti ta’ee argama. Istraateejiin PQ4R kun yeroo gabaaba keessatti barattootni odeeffannoo baay’ee akka qaacceessanii isaan gargaaraa. Barattootni sirrumatii dubbisuun dura akka isaan xiyyeeffannoo yaad-sammuuttin gocha of-harkaa qaban irratti akka hojjatan isaan gargaaraa. Tarkaanfileen mala PQ4R gabatee 4 armaan gadii jiru keessatti ibsamanii argamuu.

PQ4R
Irra keessa ilaaluu (Preview) Yaada waliigalaa qinda’ee, mata-dureewwan ijoo fi mata-dureewwan kitaabichaa ykn maateeriiyaalii irratti odeeffannoo argachuuf irra keessa ilaaluu dha. Waa’ee wanta dubbistuu sana keessatti mata-duree fi fakkiiwwan adda baasuuf yaalii ati taasiistuu dha.
Gaaffii (Question) Kitaaba osummaa ati dubbiisaa jirtu gaaffii ofumma kee gaafadhu. Mata-dureewwan sana irratti gaaffii gaafachuun fayyadamii (eenyu, maal, maaliif, yoom).
Dubbisuu (Read) Kitaabicha sirrummatti dubbisii. Yerumma dubbisaa jirtu sanatti gaaffii kan keef deebiisuuf yaalii.
Calaqee (Reflect) Kitaaba ati dubbisaa jirtu sana hiika qabeessaa qabeessa taasiisuuf qabxiilee armaan gadii irratti hunda’uun yaadii:
1) Waan duraan beektu, isa amma dubbisaa jirtu sana wajjin wal-qabsiisi, 2) Mata-dureewwan xixiqqoo, mata-dureewwan kanneen duraan jiran wajjin wal-qabsiisi, 3) Wantoota falmiisisoo ta’an furuuf yaaluu, 4) Wantoota/gaaffilee wal-fakkatanii fi wal-hin fakkaanee addaan baasuuf/furuuf kitaabicha dubbisaa jirtuti fayyadamuuf yaaluu.
Yaadachuu (Recite) Qabxiilee ijoo sagalee ol-qabun tarreessuun, gaafachuuii fi gaaffilee deebisuun odeeffannoo yaadachuuf shaakalii. Mata-dureewwan gurguddoo, jechoota kitaabicha keessatti xiyyeeffannoon itti kennamee fi qabxiilee ijoo yaadannoo gabaaba qabachuun fayyadamii.
Keessa Deebi’uu (Review) Si’aayinaan kitaabicha keessa deebi’uun dubbisuu, gaaffiiwwan mataa ofii gaafachuun xiyyeefachuu fi qixa ati barbaaduu sanaan yoo si hin galee ykn hin deebiisne taanan irra deedebi’uun kitaabicha dubbiisi.

d) Istraateejii IDEAL (IDEAL strategy)
IDEAL’n gabaajee Adda baasuu (Identify), Hiika itti kennu (Define), Qorachuu (Explore), Gochan agarsiisu (Act) fi Ilaaluu (Look) ta’ee fi ciminan, haala bu’a qabeessaa ta’een yaaduu fi rakkoo furuu baay’ee barbaachisaa ta’aanii gabatee 5 armaan gadii keessatti mul’atu. Barsiisan haala mijeessuun akka barattootni ciminan yaadanii fi dandeetti rakkoo hiiku dagaagsan ogummoota sadarkaa yaad-sammuu ol-aanaa ta’an kana irratti xiyyeeffachuun barsiisu.

Gabatee 5: Gabaajee “IDEAL”
I D E A L
Adda baasuu (Identify) Hiika itti kennu (Define) Qorachuu (Explore) Gochan agarsiisu (Act) Ilaaluu (Look)
Dandeettin cima rakkoo hiiku wantoota isaan rakkisu danda’an adda baasuun jalqabu qaba. Akkasummas, maaltu waan kana baay’ee rakkisa taasiisee jedhu irratti deebii argachuudhaf ykn deebii irra gahuf yaaliin gaaffii “kana keessatti rakkoon jiru maalli?” jedhu gaafachuun murteessan dha. Kanaafis, erga adda baasnee booda, rakkiniicha hiikun ykn sirnaan maalummaa isaa beekun tarkaanfi baay’ee murteessaa ta’ee dha. Istraateejiin sadaffaa rakkoo furuu keessatti qorachuu dha. Filannoowwan furmaata ta’an irratti itti aanne barattootni hojiin/gochan agarsiisuu. Yeroo baay’ee barataan beekan haala kaayyoo qabeessee ta’een, calaqee taasiisu, fi furmaata irra gohuf haala sammuu-banaa ta’een yaadaa. Istraateejiin inni dhumma, furmaata irra gahuf erga yaaliin gaggeefamee booda, gochoota isa kamtu gara milka’inaan rakkoo sana furuuf ilaaluu fi yaadannoo qabachuun bartiicha irraa eegamaa.
Gocha Kutaa kanaa
Barataa; kutaa kana keessatti mata dureewwan garaagaraa ilaalaa akka turee ni yaadataa. Qabiyyeewwan garaagaraa haala ilaalcha keessa galchuun gaaffilee waliigalaa armaan gadii dhiyyatan mee deebisuuf yaalii. Erga dhuunfaan yaaltee booda barataa daree keetti tokko ykn sanaa ol-ta’an wajjin mari’adhu.

  1. Gaheen barsiisa fi barataa yaad-hiddama barachuu konstraaktiivisimii keessatti qaban maal fa’ii?
  2. Yaad-hiddamnii Iskeemaa (schema theory) maalii? Beekumsi duraani beekumsa haaraa gonfachuu keessatti maaliif barbaachisaa akka ta’ee ibsi?
  3. Istraateejiiwwan sadarkaa yaad-sammuu ol-aanaa (meta-cognition) barsiisan daree barnootaa keessatti itti fayyadamuu danda’u muraasa isaanii ibsi?
  4. Amaloota bu’uuraa yaad-hiddamni barachuu konstraaktiivisimii qabu yaada kee fakkeenyaan deeggaruun mari’adhu?

Boqonnaa 3: Tarsiimoo hojiirra Olmaa Yaad-hiddamoota Barachuu (Strategies for the Application of Learning Theories)
Seensa Boqonnaa
Boqonnaa darbee keessatti hojiirra olmaa yaad-hiddamoota barachuu si’anaa barubarsiisu sadarkaa tokkoffaa keessatti ilaallee jirra. Boqonnaan kun ammo tarsiimoo hojiirra olmaa yaadhiddamoota barachuu kanneen kan ilaallu ta’a. Haaluma kanaan akka tarsimoo tokkottii dhimmoota kanneen akka akkaataa barachuu, malleen barsiisuu, fi si’aayina barachu kaallattiwwan xiyyeeffannoo boqonnaa kanaati. Milkaa’ina hubannaa yaadrimeewwani keessani cimsuuf yaadun bu’aa barachuu boqonnaa, gaaffilee, gochaalee fi yaadgabbiiwwani isaani duraadubaan, gudunfaa boqonnaa fi kitaabilee wabiin boqonnicha keessatti hammatamanii jiru. Waan kana ta’eefis hamma dandeessanitti qabxilee ijoo tokkon tokkon ka’an ilaalun fi madaalun yaadrimeewwaan boqonnicha keessatti hammataman naafeffachuuf sirnaan ilaalaa.

Bu’aa barachuu Boqonnaa
Dhuma boqonnaa kanaattii jaal barattoonnii:
• Akkaataa barachuu barattootaa gara garaa adda baafatu
• Malleen barsiisuu akkaataa barachuu barattootaa gargaaru danda’an adda addaa xiinxalu
• Gahee si’aayinni barachuu barattootaa fi fudhannaa barnootaa isaani irratti qabu sakatta’u
• Barachuu barattootaa wixineessuu keessattii fedhi safartu garagaraatti fayyadamu agarsiisuu
• Qabattoota barachuu barattootaa irratti dhibbaa geessiisan xiyyeeffanno keessa galchuun gochaalee barsiisuu adda addaa boocu.
Kutaa 3.1: Akkaataa Barachuu Barattootaa (Student’s Learning Styles)
Akkuma seensa baoqonnaa keessattii ibsuu yaalame, kutaan jalqabaa kana keessatti kan ilaalluu yaadhiddama barachuu barattootaa barattoota sadarkaa tokkooffaa barsiisuu keessatti yaali hojiittii hiikuf taasifamu keessatti akka tarsiimoo tokkottii akkaataa barachuu barattootaa kan ilaalluu ta’a. kanaafu kuticha keessatti yaadrimee, akaaku fi mul’isa akkaataan barchuu qabuf xiyyeeffannoon kennamee jira.

3.1.1 Yaadrimee Akkaataa Barachuu
Jaal barattoota! Barattoonni hundi akkaataa tokkon ykn walfakkaatun baratu jettanii yaaddu? Maali fi akkamitti? Muxannoo hubannaa keeti ofeeggannoon calaqqeessii.


Gaaffilee dhiyaatan ija yaada hayyuutin akka yaalte abdi qabna. Baay’ee dansaa dha. Hundaafi ifa akkuma ta’eetti namnii hundu barachuun kan walfakkaatu yoo ta’u akkaataan itti baratu ykn odeeffannoo sammuuttii qabatu gargarii. Yaadni kun immoo filannaa akkaataa barachuu(‘preferred learning style’) jedhamu. Kana jechuun namnii hunduu akka dhiheenya akkaataa barachuu isaaf mijatu madaqfata jechuu dha. Barachuu milkaa’ina qabuf barattoonni dandeettii sammu isaani xurursanii fayyadamuf akkaataa barachuu addaa isaani yoo beekan faayidaa qabeessa ta’aaf.
Yaad armaan olitti dhiyaatee irraa akkaataa barachuu akkamitti hiikta?


Jeechi ‘filannaa barachuu’(learning preference) jedhu hedduminaa akkaataa barachuu(learning style) bakka bu’uun tajaajila barreeffamoonni heddu akkaataa barachuuf hiikkaa hedduu kennu. Akkaataan barachuu hikkaalee hedduu kennameef keessa kanneen armaan gadi ilaalun barbaachisaa dha.
 Karaa barachuu addaa nama tokkoti.
 Moodeela barachuu nama tokko irra caalaattii odeeffannoo bilcheessuuf, yaadu fi xinxaluuf ittin fayyadamu ykn jaalatu dha.
 Mala filatamaa namni tokko beekumsaa fi ogummaa gonfachuuf itti fayyadamu.
 Bartee, tarsiimoo, ykn gochaalee yaadqalbii idilee barachuu ilaalchisee namni tokko ta’e jedhe itti yaadun agarsiisu dha.;
 Akkaataa ykn karaa barachuu keenya keessattii kakaasota adda addaaf deebisa itti laannu dha.
 Mala barachuu fi qo’achuu namni tokko irra caalaatti filatu; Fkn, jeecha ykn barreeffama irra fakkitti fayyadamu, kophaa hojjeechu irra gareen hojjeechuu filachuu, bifa qindaa’een barachuu jaalachu bifa bittinnaa’ee irra.
Filannaan barachuu kan agarsiisuu akka dhiheenya hayyuummaa nama tokko barachuuf taasiisu dha. jeechii ‘filannaa barachuu’ taatewwan barachuuf namni tokko fiiladhu jedhamee dhiyaateef kanneen akka naannoo, curriisa, hawaasummaa fi haala qaamaa hunda ofkeessatti hammatu ibsutti fudhatamaa ture (Dunn et al. 1989).
Filannoon garu dhimma xiyyoo namni tokko barachuuf itti jalliifatu ilaalamu qabu tokko dha. Kun bal’inaan kan agarsiisu dhimmoota dimshaashaa filannaa yaadsammuun walqabutu ta’ee akkaataa barachuu keessattis yaadrimee barbaachisaa ta’ee dha.
Akkaata barachuu barattootaa beekun barsiisoota fayyada jette yaaddaa ? maalif? maalif hin barbaachinee? Yaada kee kenni


Barreeffamonnii akkaataa barachuu qoratana garagaraa akkaataa barchuu barattootaa beekun dhimma ijoo barsiisota irraa eegamu akka ta’eetti addeessuu. Sababnii isaas barattoonni fedhiin fi dammaqinaan adeemsa barachuu irratti hirmaatani barnoota keessatti milkaa’ina olaana akka gonfatanii shoora olaanaa waan qabuf(Dewar, 1996; Hartman, 1995; Leadership Project, 1995)hayyootaan kan kaa’ame. Takkitti barattoonni ulaa barachuu ofii argatanii dammaqinaan hirmaatan miira itti gaafatamummaa fi ofto’onnaa barnoota isaani irratti mul’isu. Kun immoo gara ofitti boonu fi si’aayina horatan taasiisa. Akkaataa barachuun gosa tokko qofa daree keessatti barsiisaan barattoonni hundi jajjabeeffamu ta’ee barattoonni muraasni qofa yoo hojjatan carraan barattoonni biroo ammo hojii dhabu fi kaan irra xiqqoo barachuun jiraachuu bal’aa ta’a. sababa kanaan beekmsa akkaataa barachu barattootaa qabaachuun barsiisotaaf dirqi ta’a. beekumsii akkaataa barachuu mala barubarsiisuu barattootaa irratti dhibbaa qabaachuu qaba. Kunis haala mala filannaa barsiisuu barsiisotaa keessattii barsiisoota fedhii barachuu barattootaa hubachuu irratti gahee qabaachuu qaba. Kanamalees beekumsi akkaataa barachu filannaa meeshaa deeggarsa barnootaa irrattis gahee qabaachuu qaba.
filannaan akkaataa barachuu nama tokko jijjiiramu danda’aa? Yoo eeyyee ykn miti jetta ta’ee akkamitti fi maalif?



Akkaataan barachuu amala dhaabbataa namnii tokko yeroo hunda agarsiisu osoo hin ta’in haala adda addaa keessatti barattoonni akkaataa barachuu adda addaa madaqfachuu dnda’anii dha. Heddu keenyaaf akkaatan barachuu tokko ykn lama kaani irra filatamaa dha. Hayyoonnii ‘Honey and Mumford’ (1986) akka eeranitti namni kamiyyuu gocha barnootaa tokko ga’umsaan gonfanchuuf ykn ba’achuuf akkaataa barachuu tokko isa biraattii madaqfachuu qabna jedh. Akkaataa barachuu tokko ykn addaa Kenya baruu ykn madaqfachuu dadhabuun garu humna guutun barachuun bu’aa qabeessummaa keenya irratti dhibbaa guddaa qaba.

3.1.2. Akaaku Akkaataa Barachuu (Types of Learning Styles)
kanaan olittii yaadrimeewwaan akkaataa barachuu ilaallee ture amma immoo akaakuwwaan akkaataa barachu irratti xiyyeeffannee kan ilaallu ta’a.
Jaal Barattoota! Muxannoo barachuu kee xiyyeeffannoo keessa galchun mee akaakuwwaan akkaataa barachuu dhageessee beektu ykn sitti fakkaatan calaqqeessuu yaalii


Yaadrimeen akkaataa barachuu kan bu’ureeffatu yaadhiddamoota akkaataa barachuu irraayi. Yaadhiddamoonni akkaataa barachuu akka kaa’anitti barattoonni akkaataa barachuu tokko isa tokko irra akka filatanii dha. Yaadhiddamonnii kunneen akka eeranitti muxannoo barachuu wixinessuuf, sirna barnootaa, fi barsiisuu akkaataa barchuu barattootaa waliin simuu danda’u filachuun milkaa’ina barnootaa foyyeessu akka danda’u dha. Yaaliwaan akkaataa barchuu garagaraa adda baasuf taajaajilan beektootaan dagaagfamanii jiru. Kanneen keessaa yaaliwwaan akkaataa barachuu sadi ijoo ta’aa ilaalla. isaanis:

  1. Akkaataa barachuu Ijulee-dhageetti-sochiiqaamaa(Visual-Auditory-Kinaesthetic [VAK] learning styles
  2. Inveentarii Akkaataabarchuu Kolbii (Learning style inventor)[Kolb’s Learning style]
  3. Dandeetti cimina sammu Heddu Gaardinar (Multiple intelligences) [Gardner’s learning styles]
  4. Akkaataa barachuu Argaa-dhageetti-sochiiqaamaa (Visual-Auditory-Kinesthetic [VAK] Learning Styles)

Safartuun agarsiistu yaalii ‘Swassing-Barbe Modality Index’ filannaa barachuu barattootaa ijulee-dhageettii-sochii qaamaa jechuun qooda. Yaaliin kun adda baafannaa akkaataa barachuu keessatti kan bu’ureeffatu mireesituu odeeffanno sadi irratti isaanis argu, dhageetti fi sochii qaamaati. Barataan kamiyyuu barachuuf qaama miraa isaa hundattii kan tajaajilamu ta’ullee inni odeeffanno haaraa sassaabachuuf itti fayyadamu akkaataa barachuu isaa agarsiisa
Barataa Argaa (Visual Learners): barattonni gosa kanaa barachuu kan fiilatan yoo argan, daawwannaan fi dubbisa ni dha. Kan caalaatti fayyadamaniis chaartin, agareen, fi deeggartu meeshaa ilaalamun fi barreessu fi dubbiisuu keessaa fayyadamu. Kanaafu barattoota akkasi daraan akka baratan taasisuuf barsiisonnii meeshaalee agarsiifaanitti, odibsa keessa jidduun dhaabun gaaffii gaafachuun, qabxilee ijoof xiyyeeffannoo kennun fi diyaagraami adda addaa fayyadamun barsiisuu qabu.
fedhi barachuu barattootaa guutuf barsiisonnii naannoo kiti tooftaa biroo maal fayyadamu? _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Barataa Dhageetti (Auditory Learners): barrattoonni kun immo barachuu kan filatan mala kaan irra dhaggeeffachuun. Barattoota akkasi barsiisonni deeggaruuf wanta baratamu ibsuu, cuunfuu, irra deebi’uu fi odibsuu dabalataan gaaffii sammuu sochooftu dhiyeessuu wantoota tana dura barataniin walqabsiisuufi carraaqu qabu.
Barataa Sochii-qaamaa (Kinaesthetic learners): barattoonni kunneen irra caalaattii kan baratan gochaalee harkaan raawwaachuun, yaalun, sochoosun, fi warraaqsuun. Yoo giddu gidduun kakaasa alaatin harkifaman ykn warraaqan malee wanta yeroo dheeraa hasa’amuf nuffii ykn fedhi dhabu danda’uu. Kanaafu barsiisonni barattoota kana barsiisuf gochaalee harkaa fi sammu isaani qabu danda’u kennuufin sochiin akka baratan taasiisu qabu.

akkaataan barachuu ykn filannaan akkaataa barachuu keeti kam sitti fakkaata? Akkamitti bartee? Gochawwan barchuu keessatti sigammachiisan ibsii mee


Jaal barataa, akkaataa barachuu kee yoo bartee jiraattee baay’ee gaaridha. Kan ta’u baannaan mee gaafannoowwaan armaan gaditti fayyadamun akkaataa barachuu keebaru yaali..
Gaafannoo akkaataa barachuu Argaa-dhageett-qaamsochii (IDS) (VAK Learning Style Questionnaire)
Yaadolee gabateewwaan armaan gadii keessa jiran ofeeggannoon dubbisii. Mirga yaadolee kanaattii haala as fulduraatin isa na’ibsa jettuu lakkofsaan kaa’ii: tasumayyuu miti (almost never) 1, darbee darbee (rarely) 2, altokko tokko (sometimes) 3, bay’inaan (often) 4, and Yeroo hunda (almost always) 5. Deebini sirrii dha ykn dogoggoora jedhamu waan hin jirreef hanga dandeesseetti iftoominaan guuti. Takkitti gaaffilee gabatee sadeen 33n kana gochu erga raawwattee booda qabxii walii gala kee’ida’I.
Gabatee 6 Gaafannoo akkaataa barachuu Argaa irratti xiyyeeffatee
No Yaadolee qabxii
1 Yaadannoo baay’een barreeffadha ykn fudha
2 Namootaan yannaan hasa’u qunnamtii ijaa jiraachu baannaan natti hin toolu
3 Barnoonni tokko kan naaf galu yoo yaadanno qabadhee fi yaadota tarreeffadhee waan ta’eef yaadannoo qabachuu fi tarreessun natti toola.
4 Asoosama yannaan dubbiisu qabiyyeewwaan keeyyata waa’ee uuffannaa agarsiisu, taate fakkiin ibsu, fi haala jiru ibsuf qalbiin ko harkifam
5 Kaallatti iddoo argama lafa tokko yaadachuuf kaallattiwwan nanbarreeffadh.
6 Xiyyeeffannoo ko tursiisuuf naman itti haasa’u ijaan argun qaaba.
7 Nama haaraa tokko yennaan walbaru akkaataa uffannaa, amaloota mul’achu danda’anitti, fi qulqulliina isaattii xiyyeeffanoo kennun dursa hubadha
8 Ciidha irratti duuba dhaabbachuun waan namootni godhan daawwachuun nagammachisa
9 Odeeffannoo yaadachuufjalqaba sammu kotti ilaalun eessaa fi maal akka ta’ee yaadadh.
10 Tartiiba ykn teeknika gocha tokko ibsuuf dhimmicha barreeffamaan ibsuun fiiladha.
11 Yeroo boqonnaa kotii Tv daawwachuu ykn barreessuun nagammachisa
Source: HDP-Handbook (2008). Total for visual____ (note: the minimum total score for this table is 12 and the maximum is 60).

Gabatee 7: Gaafannoo akkaataa barachuu dhageettii irratti xiyyeeffatee
No Yaada Qabxi
1 Sagalee sammuu kotin dhagahuf yennaan dubbiisu sagalee ko olkaaseen dubbiisa
2 Namootaan yannaan hasa’u nama deebisa naaf hin laannee natti hin toolu
3 Yaadannoo baay’ee hin qabadhu garu wanta dareettii jedhame nanyaadadha
4 Asoosama yannaan dubbiisu qabiyyeewwaan barreeffamaa marii, hasa’aa fi walii deebisuu qabanittii qalbiin koharkifam
5 Rakkoo hiiku fi barreessuuf ofin haasa’un natti toola.
6 Nama dubbatu irratti xiyyeeffachu baadhuse wanta dubbatame nan hubadha.
7 Wantoonnii salphaan kan naaf galan yoon irra daddeebi’ee jedhe dha.
8 Ciidha irrattii ykn iddoo ciidhaattii dhimmoota ana ilaallatan irrattii xiyyeeffadhee has’uun nagammachiisa.
9 Oduu gaazexaa irra raadiyoon dhaggeeffachuu ykn argachuun nattii toola
10 Tartiiba ykn teeknika gocha tokko ibsuuf dhimmicha irrattii hasa’un fiiladha.
11 Yeroo boqonnaa kotii muuziqaa dhaggeeffachuun nagammachisa
Source: HDP-Handbook (2008). Total for Auditory____ (note: the minimum total score for this table is 12 and the maximum is 60).
Gabatee 8: Gaafannoo akkaataa barachuu sochii irratti xiyyeeffatee
No Yaada Qabxi
1 Wanta barsiisaan barsiisuu dhaggeeffachu fi dubbiisuu irratti hanqina qaba ofiin hojjeechuun garu nagammachiisa
2 Namootaan yennaan haasa’u kanneen dhimmicha curriisaan deeggaruun ykn sochii qaamaan hinaasofnee waliin waliigaluuf natty hin toolu.
3 Yaadannoo fi fakkii nankaafadhee qabadha garu ofduuba deebi’ee aadaa ilaalu hinqabu.
4 Asoosama yennaan dubbiisuu keeyyatnii qabii koo harkisuu isa miira nama tuqu, gochaa fi diraamaa qabudha.
5 Yennaan dubbiisu hidhii koo sochoosuun
6 Wanta sirrii ta’ee yaadadhee dubbachuuf hedduuminaan harka koottiin fayyadama.
7 Iddoon teessoo fi qo’annaa koo bittinaa’aa fakkaata
8 Ciidha irratti sirbuu fi weellisuun jaaladha.
9 Deeddeemu waan jaalluuf iddoo walga’ittii wantan hidhamee natty fakkaata.
10 Tartiiba ykn teeknika gocha tokko ibsuuf dhimmicha irrattii agarsiisuun fiiladha
11 Yeroo boqonnaa kotii shaakaluun nagammachisa.
score for this table is 12 and the maximum is 60).
Haaluma kanaan yaadota gabatee armaan olii qabxeessuun toorrii qabxii olaanaa itti argattee filannaa akkaata barachuu keeti agarsiisa. Kan hubatamu qabu garu namnii kamu akkaataa barachuu sadeeniinu barachuu yoo danda’u irra caalaatti barachuu kan fiilatu garuu isa tokkon ykn lamaan qabxii olaanaa itti galmaa’ee dha.
Inveentarii Akkaataa Barachuu[akkaataa barachuu Kolbii]
akkaataa barachuu inveentarittii bu’uurri qodiinsa barachuu maal sitti fakkaata? Akkaataa barachuu ADS fi inveentarii gidduu garaagarumaan jiruu maal sitti faakkaata?


Akkaataan barachuu inveentarii kan bu’uureeffatu fedhii barachuu muxannoo irrattii yoo ta’u akkaataan barachuu barattootaas haala armaan gadiin qoodama.
• Daayinaamiki, barattoota dammaqoo
 Miira waliiniin baratoo(Common sense learners)
 Yaada ibsoo (Reflective), tilmaama yaadaan baratoo (imaginative learners)
 Qaacceessa yaadaan baratoo (Analytical theoretical learners)
Daayinaamiki, barattoota dammaqoo: barattoonnii akkaataa barachuu gosa kanaa irra caalaattii kan baratan yoo gocha barnootaa sanattii dammaqinaan hirmaatanii dha. Waan kana ta’eefis barsiisonnii piroojeekti, marii garee xiqqaa qindeessan, rakkoo hiiksiisan, falmiisiisan, fi hojii itti gaafatamummaa dhuunfaan hojjiisiisan irracaalaattii barattoota akkaata barachuu daayinaamik jajjaabeessuu.
Miira waliiniin baratoo(Common sense learners) : akka dhiheenya yaadhiddamootaatti fi fakkeenoota gooree irraa yoo baratanii fi yaada naamootaa gochattii hiikun isaan gammachiisa. Gochaalee barannoo rakkoo hiiku, yaalii, tilmaamaa, wantootaa karaa adda adda addaan galmeessuun akka dalagan taasiisuu isaan jaalachisa. Kana malees carraa agarsiisuun dhiyeessuu yoo aargatan daraan baratu.
Yaada Ibsoo (Reflective), tilmaama yaadaan baratoo (imaginative learners): barattoonnii akkaata barachuu goosa kanaa odibsaan barachuu faayidaa qabeessa ta’ee argatu. Haata’uu malee yeroo yaada isaani calaqqiisaniifi tilmaamyaada isaanii hiika ofii itti keennuun yaada haaraa ofii irraa burqiisiisuuf yeeroo barbaadu. Carraa marii, gaaffii, sammuu sochoostuu, dhimma daawwatamoo, gahee taphachuu fi kkf irraa fayyadamoodha.

Qaacceessa Yaadaan baratoo (Analytical theoretical learners): gareen kun ammo irra caalaatti kan baratan yoo carraa qabiyyee barachuu haaraa isa duraan baratanii waliin walbiraa qabuun dorgomsiisuu argatanii dha. Qo’annoo seena’aa(Case studies), dubbiisuu, naqa wantootaa ilaaluu, odeeffannoo qaacceessuun fi gochawwan barannoo calaqqee ammuu gaafataniitti irra caalaatti fayyadamoo dha. Moodeeloota yaadhiddamaa barachuu haaraan walitti fiduu irrattii ciimoodha. Kanamalees gochaalee ulfaatoo yaalun isaan gammachiisa.
Akkaataa barachuu inveentarii goosa kamtuu isiinitti toole? Maaliif isinitti tolee? Tooftaa ykn mallii barattoonni akkaata barachuu isaanii ittin beekan jira jettee yaadaa? Yaada kee barreessii _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

  1. Dandeettii cimina sammuu hedduu (Multiple Intelligences) [Akkaataa barachuu Gaardinar]
    Waa’ee maalummaa yaalii dandeettii sammu hedduu dhageessee beektaa? Yoo muxannoo isaa qabda ta’ee akkamittiin akkaataa barachuu akka ta’uu danda’uu yaada kee kennii?

Hayyuun Gaardinar akka ibsuttii dhallii namaa dandeettiin hedduu yoo qabatuu isa tokkoon ykn lamaan garu kennaa cimaa qaba jedhee amana. Kana irraa ka’un dandeettiin dhala namaa hedduu ta’ee osoo jiru gosa hedduminaan gosa dandeettii tokkon ykn lamaan qofa keessattuu dandeettii herreegu fi itti fayyadama afaaniin qofa nama madaluun waa’ee dandeettii nama tokko dandeettiwaan kaan cinaattii gatuun dubbachuun sirri akka hin taanee qeeqa. Walumaa galattii Gaardinar dandeettii dhala namaa bakka torbattii qoode.isaanis

  1. Dandeettii cimina jechaa/afaanii /Verbal/ linguistics intelligence
  2. Dandeettii cimina loojikaalaan yaadu fi herregu/Logical /Mathematical intelligence
  3. Dandeettii cimina muuziqaa (Musical intelligence)
  4. Dandeettii cimina Ispaashaalii (Spatial intelligence
  5. Dandeetti cimina sochii qaamaa/Bodily/kinaesthetic intelligence
  6. Dandeettii cimina hariiroo uumu/Interpersonal intelligence
  7. Dandeettii cimina keesso ofii dhugoomsuu/Intrapersonal intelligence
    gochaalee barachuu akkamii dandeettiwwaan Gaardinar gabbiisuuf ta’u jettanii yaaddu mee yaada keessan barreessaa _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
    Jaal barattoota yaada armaan olitti yaaltan guduunfuuf yaada kenniitan qabxiiliee armaan gadii itti dabaluun ilaalaa.
     Dandeettii cimina sammu Jechaa/afaanitti fayyadamu (Verbal/ Linguistics Intelligence): barattoonni gosa dandeettii kanaa barachuu kan filatan dubbiisuun, barreessun, dubbachuun fi dhaggeeffachuuni dha.
     Dandeettii cimina sammu Lojikaalaan sababeessuu/Herregu (Logical /Mathematical Intelligence): fedhiin barachuu barattoota kanaa ammo sababeessuun, rakkoo hiikun, fi shallagun akkasumas herreguun.
     Dandeettii cimina sammu Muziqaa (Musical Intelligence): kanneen kun immo kennen rukuttaa sagalee jaalatanii fi fedhii ogummaa muziqaa qabanii dha.
     Dandeettii cimina sammu Ispaashaalii (Spatial Intelligence): gareen barattoota kanaa kanneen gochawwaan fakkii, maappii, wantoota yaadaan barachuu fedhanii dha.
     Dandeettii cimina sammu Sochii Qaamaa/Bodily Kinaesthetic Intelligence: kanneen sochii qaamaan barachuu barbaadan. Fkn dadacha’ina qaamaa cimaa qabanii fi booddee irratti isporteessitoota, shubbiistoota fi kkf ta’u malu
     Dandeettii cimina sammu hariiroo Uumu (Interpersonal Intelligence): barattoonni gosa kanaa immoo kanneen hojii gareen fi namoota waliin hojjeechuun ga’uumsa gqabanii fi hojii gareettii amanan namoota waliin ykn daree keessattii waliigaloo fi amaniisoo ta’anii dha..
     Dandeettii cimina sammu keessoo ofi dhugoomsuu (Intrapersonal Intelligence): barattoonnii gadi fageenyaan yaadu, xiyyeeffachuu fi sababeessuu olaanaa agarsiisan fi hojii itti kennamee tokko sirritti xiyyeeffatanii hojjeechuu jaalatan ni jiru.
    Jaal barattoota qoodinsii dandeettii sammuu Gaardinar akka barsiisaa tokkotti barachuu barattootaa irratti maal isinitti agarsiisa.?

Cunfaattii yaadhiddamni dandettii sammu heddu Gaardinar barsiisaotaaf adeemsa barubarsiisuu keessattii wanti agarsiisu heddu ta’ullee ifatti kan hubachu qabnu daa’imman barsiisuu keessattii fedhii, kennamaa fi dandeetti isaani hubannaa keessa galchuun dhimma dagatamu hin qabnee ta’uu isaati. Keessumattuu dandeettii barattootaa gosa barnootaa tokkon ykn lamaan qofaan madaaluun murteessuun sirrii akka hin taanee dha.

3.1.3: Agarsiisa/mul’isa akkaataa barachuu gochaalee daree barnootaaf
Akkuma kutaa darbee keessatti ilaalu yaallee barsiisonnii barattoonni akkaataa adda addaan akka irra caalaattii baratan kan ilaallee yoo ta’u gochaaleen barachuu daree isaanis kanuma kan ibsuu ta’u isaati. Dabalataanis qo’annoolee hedduu, yaadhiddamootaa fi barreeffamonnii heddu kan mirkaneessan akkaata barachuu namootaa gidduu garaagarummaan akka jiru dha. Qabattoota barachuu irrattii dhibbaa geessiisan boqonnaa tokko keessatti ilaalleen dabalata barachuu nama tokko irratti aadaan, sadarkaa jireenya maati, fi qabattoonnii hawaas-diinagdee barachuu barattootaa irratti dhibba akka qabanii dha. Haallii namnii tokko keessatti dagaagu fi guddatu barachu irratti dhibbaa guddaa qaba..
Haata’ti haala keenya keessatti hanga ammaattii barattoonni akka gostokko qofa ykn walfakkaatoo ta’anitti hubachuun ammallee bal’inaan jira. Hubannaawwan kana muraasa tarreessuuf:
 Barattoonni kitaaba barnootaa fi meeshaa barnootaa gostokkottii qofa fayyadamu
 Barsiisonnii barattonni saffisa walfakkaatun adeemun akka baratan qajeelchu
 Barattoonnii sagantaa walfakkaatun qabaiyyee barnootaa walfakkaatu sirna walfakkaatun akka baratan taasifama
 Barsiisonni odeeffannoo walfakkaatu garee hundaaf yeroo hunda mala walfakkaatu itti hiimu;
 Manneen barnootaa gosa safartuu ykn qormaata walfakkaatu barachuu barattootaa iyyaafachuuf fayyadamu

Jaalatamtoota barattoota walfakkeenyi akkanaa kun yeroo hunda dogoggoraa yoo ta’ee akkamitti sadarkaa dinagdee qabnuun garaagarummaa kana akkamittiin keessummeessuun danda’ama?


Walfakkaachuun yeroo hunda dogoggoora jechuu miti rakko kan ta’u yoo yeroo hunda bifa walfakkaatun adeemnee dha. Kanaafu adeemsa namoota baay’ee barsiisuuf ga’umsii itti fuufinsaa fi walfakkeenya ibsu danda’a. yaadnii amansiisaan dimshaashumatti istaandaardiin fi qulqulliinni manneen barnootaa, naannolee fi biyyoota gidduutti jiraachu isaati. Irra caalaatti amantaa heddumina gochaan walfiroomsuuf walcaalmaa walfakkeenyaa fi hedduumina jiddu jiru walitti dhiyeessuun murteessaa dha.
Yeroo ammaa manneen barnootaa garmalee ilaalchi walfakkeenyaa hedduuminaaf qaban dogoggoora. Madaallii sirrii yaada akeekkatee amantaa, yaadhiddamaa fi qorannoo irrattii xiyyeeffate irratti bu’uureeffachuu qaba malee ga’umsa qofa irratti xiyyeeffachuun murtaa’u hinqabu. Itti yaadun ta’ee jenne maaltu barattoota hundaaf walfakkaachuu qaba fi maaltu heddumina garaagarummaa keessatti xiyyeeffatamu qaba jenne murteessu qabna.
Miira tokkoon rakko walmadaala walfakkeenyaa fi hedduuminaa si’anaa salphaatti hubachuun ni danda’ama. Walfakkeenya gararaagarumma irra caalaa barnoota keessattii keessummeessuun salphaadha. Kana irraa ka’un keenniinsa barnootaa keessattii ta’ee jechuun barnoonnii walfakkaatu barattoota hundaaf akka kennamu taasifama. Modeelota barsiisuu muraasa sirnaan dudhaa barnootaa walfakkaatu fi garaagarummaa dhala namaa keessummeessun gonfachisuu arganna.
Asirratti ibsi iftoominaa barbaachisaa dha. Hedduuminaaf xiyyeeffannaa kennu jechuun wanti hundu akka barbaadettii haadeemu jechu miti. Heddumina kabaju jechuun amantaa ifa hintaanee fi dudhaa cifaa ta’ee qabachuu dhabu miti. Dhugaadha barnoota keessattii wantoonnii yeroo hunda sirri ta’an jiru. Barataan hundii barsiisaa cimaa fi haala barubarsiisu ofiin of barsiisu jajjabeessuu mijaa’ee irraa fayyadamaa ta’u isaa yeroo hunda hundu irratti waliigala. Barsisaa fi barataan kamiyyuu kabajaa fi fudhatama argachuu barbaada.barataan kamiyyuu carraa kennama/dandeettii isaa hanga dhumaattii itti dhugoomsu uumamu fi qaba. Barataan kamiyyuu dandeettii bu’uuraa gooree gonfachuu qaba. Ulfaataa kan ta’u maaltu manneen barnootaa keessatti walfakkaachuu ykn gargar ta’u qaba isa jedhu adda baasu dha. Istaandaardii sirrii fi walfakkaataa ta’ee qabaachuuf gaaffilee armaan gadii ilaalun barbaachisaa dha:
 Bu’aa barachuu maaltu barataa hunda irraa eegama?
 Muxannoo akkami barataan hundii argachuu qaba?
 Sirna barnootaa kamtu walfakkaachuu qaba?
 Ogeessonni barnootaa akkamitti heddumina kabajun ergama barnootaa waliini milkeessuuf waliin hojjeechu qabu?
Gaaffileen kunneen deebi salphaa hin qaban haata’uu garu hunda isaanii garaagarummaa dhunfaa barattootaa keessuummeessuun milkaa’ina barumsaa ga’umsa qabu sadarkaa dareetti uumufi hunda isaanii ilaalun barbaachisaa dha. Nuti barsiisonnii barachuu baratootaa hundaa walqixa garagarummaa aadaa keessummeessuun mikeessuuf tarkaanfileen sadarkaa sadarkaan fudhachuu ykn raawwachuu qabnu jiru. Isaanis:
 Mala barsiisuu ofii fi akkaata barachuu barattootaa dursa beeku
 Sadarkaa hangamiin filannaa fi cimina akkasumas fedhi barattootaa irraa fagaachu akka qabnu fi hangama sadarkaa sanattii barattoota hundaaf mijataa dha jennee murteessuu
 Barattoota muraasa daree Kenya keessattii barachuun itti ulfaata jennu irraa eegalu
 Naqa akkaataa barachuu irra caalaatti saba ykn gosa garagaraa ibsuu ykn mijachuu fi danda’aa jennee adda baasuun beeku
 Jijijjiirama/ flexibility/ daree dhawaata gabbiisuu mala haaraa tokko suuta yeroo tokko ida’un .
 Yaadrimee fi ogummaa/dandeettii barsiisuu keessattii modeelota hundaatti fayyadamu (argaa, dhageettii, qaqqabaa, fi sochii).
 Rakkoo humna kee ol ta’ee hiriyaa ogummaa kee marisiisuu ykn oldabarsuu

Gochaalee Kutaa kanaa
Kutaa kanattii dhimmoota akkaataa barachuun walqabatanii fi mulisa isaanii barnoota keessatti qaban ilaallee jirra. Gaaffilaan armaan gadii qabiyyee ilaallee hubannaa keessa galchuun kan baocamanii dha. Kanaafu ofeggannoon fi dhunfaan yaadgabbii kennamee dubbiisuun dura yaalun ittin ofmadaalii.
1) Akkaatan barachuu maali? Daa’imman sadarkaa tokkoffaa barsiisuu keessatti maal agarsiisu/mul’isu?
2) Akaakun/gosti akkaataa barachuu ilaallee maal fa’a akkamittiin daa’imman barsiisuu keessattii hojii irra oouu danda’u?
3) Akkaataa barachuu ykn filannaa barachuu barataa tokko akkamitti adda baasun baakun danda’ama?
4) Teeknikoonnii filannaa akkaataa barachuu barattootaa itti fayyadamu dandeenyu maal fa’a?
5) Tarsiimoo akkataa barachuuttii fayyadamun Yaadhiddama barubarsiisu barnoota sadarkaa tokkoffaa keessattii hojiirra olchuun danda’amu ibsi?
6) Mala fedhii barachuu barattootaa ittin keessuummeessun ibsi?
Yaadgabbi kutaa kanaa
Gaaffiileen armaan olittii dhiyaatan hagama dhimmoota fi yaadrimeewwaan kutaa kana keessattii ka’an akka hubattee ilaaluf yaadamani kan dhiyaatanii dha. Gaaffilee ka’aniif deebin tokko ta’ee jiraachuu dhisuu mala kanaafu qabiyyeewwan ka’an sirriitti gonfachuuf irra daddeebi’un dubbiisuutu sirraa eegama. Haata’uu malee dhimmi hubatamu qabu akkaataa barachuu barattootaa garagaraa keessuumeessuuf mala barsiisuu adda addaatti fayyadamun barsiisaa hunda irraayyuu dirqama kan eegamu dha. Filannaa akkaataa barachuu barattooraa beekuf teeknikoota inveentarii hayyoota garagaraan kutaa kana keessatti dhiyaatanittii fayyadamun shallagun beekun ni danda’ama. Walumaagalattii barsiisonnii malleen barsiisuu barataa giddu galeeffatana adda addaattii fayyadamun fedhii hedduuminaa barattootaa keessuumeessuun irraa eegama. Yoo sana ta’ee qofa milkaa’ina barachuu barattootaa tokkon tokkon ga’umsaan dhugoomsuu danda’u. kutaan itti aanu irracaalaattii mala fi tarsiimoo barsiisu irratti kan xiyyeeffate ta’a.

Kutaa 3.2: Mala dammaqinaan barsiisuu akka tarsiimoo yaad-hiddamoota barachuu hojiirra olchuu keessatti (Active Learning) Methods as Strategies to Address the Applications of Learning Theories
Kutaa darbee keessatti yaadrimeewwaan akkaataa barachuu fi akaauwwaan akkaataa barachu dhibbaa barachuu barattootaa irratti qaban irratti xiyyeeffachuu ilaalu yaallee jirra. Kutaa kana irratti mala baru-barsiisuu akka waliigalaattii fi mala dammaqinaan barachuu ykn barsiisuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennun ilaalla.

Walitti dhufeenyii yaadhiddama barachhuu, akkaataa barachuu fi mala barsiisu giddu jiru maali jetta? Mala barsiisu jechuun maali? Mala dammaqinaan barachuu hoo?


Gaaffii dhiyaatee akka haala gaarin yaalte abdi qabna baay’ee gaari dha! Akka ‘Westwood’n (2004) kaa’ameeti qabxileen lamaan humna cimaa naannoo barachu irratti dhibbaa qaban sirna barnootaa mana barumsaa fi akka dhiheenya barsiisuti. Akka yaadni kun sababeessuuttii malli barsiisuu fi meeshaaleen deeggarsa barnotaa karoora daree tokko of eeggannoon haala amala barachuu barattootaa keessumeessu danda’un bocamu qaba. Rakkoolee barachuu heddu kan ittifaman ykn xiqqeeffaman mala barsiisuu fi qabiyyee barannoo dandeettii barattootaa fi muxannoo barattootaa waliin akka walsiimu taasiisun.
Westwood (2004) kitaaba isaa “Learning and Learning Difficulties” ykn barachu fi rakko barachuu jedhun ifatti barsiisun beekumsa barachuu irratti hundaa’uu akka qabu addeesse jira. Itti dabalunis hubannaa barattoonnii akkamitti akka baratan qabaachun barsiisuu bu’aa qabeessaa fi karoora sirri sirna barnootaa bocuf garmalee barbaachisaa ta’u isaa ibsee jira.
Hubannaa yaadhiddama barachuu fi seerota/pirinsiipiloota barachuu qabaachuun barsiisoota mala barsiisuu sirri qabiyyee barnootaa adda addaa waliin adeemu, akaaku barachu garagaraa waliin adeemu, bu’aa barachuu waliin adeemu, fi xabiyaa barattootaa garagaraa waliin walsiimu ykn mijatu akka filatan.isaan gargaara/dandeessiisa(Gagne & Wager, 2002).
Kana malees beekumsa adeemsa barachuu barattootaa qabaachuun manneen barnootaa keessatti barsiisoonnii rakko barachu qabiyyee ykn gosa barnootaa tokko tokko irratti barattoota tokko tokko qunnamu danda’u akka tilmaaman isaan dandeessiisa. Kun immo mala mijataa barattoota kana sirnaan fayyadu danda’u akka hojiirra olchanii fi barattoota kana si’eessan isaan gargaara(Brophy, 2001; Pensko, 2002; Sasson, 2001). Beekumsii mala barsiisu qabiyyee barnootaa kun beekumsa mala qabiyyee barnootaa jedhama (pedagogical content knowledge) (Shulman, 1987; Tan, Parsons, Hinson & Sardo-Brown, 2003). Manneen barnootaa keessattis barsiisonnii bu’aa qabeessaa fi ga’umsa qaban jedhaman kanneen beekumsa ogummaa barsiisuu olaanaa akkasii kana qabanii dha. Ilamantiin beekumsa ogummaa barsiisoota barbaachisu inni biraa hubannaa xabiyyaa ykn amala ykn fedhi addaa barattoota isaani qabaachu dha. Barattoonnii xabiyaa wal isaan fakkeessuu umrii fi sadarkaa adda addaatti qabaatan illee fedhi barachuutin garu garmalee adda adda ta’u danda’u. kanaafu barsiisonnii fedhi barachuu barattootaa tokkon tokkon keessumessuuf hubannaa walfakkeenyaa fi garaagarummaa barattootaa qabaachuu qabu.
Barsiisonnii barattoota hunda ga’umsaa fi bu’aa qabeessummaan barsiisuf maalii fi akkamitti barsiisu qabu jettee yaadda?


Tarkaanfiin jalqabaa barsiisoonni daa’mman barsiisuuf fudhachuu qaban barattoonnii hundii bifa walfakkaatu baratu yaada jedhu of keessaa dhabamsiisu fi barattoonni karaa adda addaan akka baratan beekkamti kennu dha. Kana jechuun barsiisaan mala barsiisuu tokko qofa fiilata ta’ee fkn odiibsa, hojii raayyaa, mala gaaffii fikkf barattoonni humna barachuu isaani hin balliifatan jechuu dha. Hundaafu ifa akka ta’eettii barsiisaan tokkichi baranno tokko keessattii sadarkaa walqixa ta’een barattoota hunda walqixxee tajaajilu danda’aa jechuu akka hin taane ifa. Haata’u garu barannoo tokko keessatti malleen garagaraattii fayyadamun isaa barattoonnii hundi carraa akkaataa barachuu isaani mijatu argachuu waan isaan dandeessiisuuf karaa tokkon ykn biraan barattoonni fayyadamoo ta’uu danda’u.
Jaal barataa! Akka yaada keetti barattoonnii manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaatti akkamitti daraan barachuu danda’u sitti fakkaata?. _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Gaafffi armaan olitti ka’eef deebi kennun dura mee, barattoonni akkamitti sirritti barachuu danda’u gaaffii jedhu of gaafadhu. Fakkeenyaaf, ati kan sirritti barattuu yoo barsiisaan waan tokko akkamitti akka hojjeetamu sirritti sitti himee moo yoo ofi hojjeette baratta? Namoonnii hedduu walakkaa garee kana lamaani jiru. Kun immoo hayyoota barnootaa heddu dhallii namaa kan sirriitti ykn caalatti baratu beekumsa yoo ofi isaati qindeeffate malee namni qindeessee itti kenneen akka hin taane amantaa jedhu akka irra ga’aan taasiise jira. Yaadni kana immoo kan deeggaran yaadhiddameessitoota ijaarsaan barachuu yaadsammuutin (Constructivist Learning Theory). Akka yaadhiddamni kun ibsuttii barachuun adeemsa/gocha dammaqinaan muxannoo garagaraa irraa hikkaa ofii ijaarrachu ta’ee dha. Kana jechuun gara biraatin barattoonnii kan caalattii baratan deeggarsaa fi qajeelcha ykn haala mijeessummaa barsiisaatin wanta baratamu sana hikkaa mataa ofi toftaa isaanitin qindeeffachuuf carraaqanii dha.
Sababnii isaas odeeffannoon/ciicatni qaama miiraa keenya irra qubatu kan qindeeffamu abbaa ykn nama odeeffannoon ykn kakaasnii sun qaama miiraa isaa dammaqsee waan ta’eef, kana jechuun akkaataa barsiisaan itti hubatee ykn yaadettii barataan hubachuu ykn karaa biraa adda ta’een barataan hubachuu danda’aa waan ta’eef jechuu dha. Kanaaf barsiisaan karaa inni yaade qofa ykn wanta inni jedha qofa akkuma jirutti barattoonnii akka yaadan ykn fudhatan dirqiisiisuu hin qabu jechuu dha.
Armaan gadittii parsantii ykn dhibbeentaa malleen barachuu ykn barsiisuu adda addaan odeeffannoo qabiyyee baratamu keessaa qabachuu danda’u mul’isa. Mala kamiin barattoonnii caalatti odeeffannoo sammuu isaanii keessattii tursiisun yaadachuu danda’an qalbifadhu.

  1. Odibsaan = 5%
  2. Barreessuun =10%
  3. Argaa-dhageettiin ykn arguf dhagahuun (Audiovisual) = 20%
  4. Agarsiisuun (Demonstration) = 30%
  5. Marii gareen (Discussion Group) = 50%
  6. Gochaan shaakalun (Practice by doing) = 75%
  7. Walbarsiisuu (Teach others / immediate use of learning) = 90%
    Wanti hubatamu qabu inni biraa muxannoon beekumsaa duraa hikkaa haaraa ijaarrachuu ni cimsa ykn harkisuu danda’u isaati. Beekumsii duraa namootaa kan madduu muxannoo, aadaa, fi naannoo isaan keessa jiran ykn dabarsan irraa dhufa. Walumaa galattii hedduminaan beekumsa ykn hubannoo dursaa wanta tokko irratti qabaachuun gaaridha. Altokko tokko garu odeeffannoon dogoggooraa dura argannee dhimma sana haala hubannaa keenya duraatin adda ta’ee barachuu irratti dhibbaa gaggeessu danda’a. sababni isaa namni wanta dura qabate yeroo baay’ee akka sirrittii waan fudhatuf. Waan kana ta’eefis barsiisonnii yeroo fudhachuun hubannaa duraa akkasii kana cabsuuf yeroo fudhachuu irratti hojjeechuu qabu.
    Barsiisonnii ilaalcha yaad-hiddamoota barachuu ijaarsaa (Constructivist learning theory) hojiirra olchuu keessatti qabxiilee armaan gadiif xiyyeeffannaa kennu akka qabanii dha.:
     Kaka’umsa fi yaalii ofdanda’ummaa barattootaaf bekkamtii kennu, jajjabeessuu fi fudahachuu qaabu.
     Meeshaalee barattoonnii sochoosuun/tuttuuqun(manipulative) baratan, hariiroo fi fiziikalaa dabalata data dheedhi fi madda odeeffannoo durattii(primary source) fayyadamu qabu.
     Gochaalee barattootattii wayita kennitu jechoota xummuura gochaa murna yaadsammuu kanneenitti gargaarami When assigning tasks to the students, use cognitive terminology such as “adda baasi,” “qaacceessii,” “tilmaami,” and “uumi.”
     Yaadrimee tokko barsiisuun dura hubannaa fi muxannooduraa barattootaa sakatta’uu yaalii.
     Walqunnamtii barsiisaa barataa fi barataa barataa gidduu jajjabeessii.
     Gadifageenyaan yaadu fi fedhi waa hubachuu barattootaa gaaffii sammuu sochoosuun, gaaffii banaa dhiyeessun fi barattoonni akka walgaafatan haala mijeessuun jajjabeessi.
     Gaafi gaafitti ansuun deebisa barataa irratti hundaa’un akka yaada dabalataa kennu jajjabeessi.
     Haala hubannaa ykn beekumsa duraa barattootaa mamsiisu fi falmisiisuu danda’u uumun barattoonni mariif akka kaka’aan fi walfalman taasiisi
     Gaaffii booda barattoonnii carraa itti yaadu akka argatan yeroo ga’aa kennif
     Wanta haaraa barattoonni wayita baratan hanga hikkaa ofi ijaarratanitti yeroo ga’aa kenniif.
    Yaada armaan olii wa’ee malleen barsiisuu fi damaqinaan barachuu ilaachisee dhiyaatani irrati hanga toakko hubannoo akka argatan ni abadana. Malleen barsiisuu tooftaa barsiisaan wayta qabiyee takko barsiisu itti fayyadamu dha.Malleen kun bakka grguddoo lamati qoodamu.Barsiisaa gidduu galeefate( kanneen barsiisonni irra caalmaatiin dhunfachuun waan hundumaa daree keesati raawatuu Fkn od isa, agaree kkf ) fi Fi barataa kan gidduu galeefate( kan baratoonni irra caala qooda keessati fudhatanii fkn marii, gahee taphachuu fi kkf).
    Akkuma beekamu fedhii dhunfaa fi carraa baracuu keesati qooda fudhachuu barataan guutuuf malleen baruu barsiisuu garagaraa jiru. Haala kanaan hayyuun Silberman (1996) akka jedhuti malleen damaqinaan barachuu baratootaa mirkaneesan 101 ol akka jiran ni addeesa.Mala kana as keesati ibsuuf ulfaata tahullee muraasa isaanii akka armaan gadiiti dhiyaataniiru.
    A. Damaqinaan Dhageefachuu/Active Listening.
    Malli kun baratootaaf gocha ykn hojii isaan dalaguu danda’an kan keesati kennamu dha .Gochi sun baay’inaan batala dhagayaniti kan guutamu ykn deeb’uufi gaafilee walduraaduubaan deeb’uu danda’an tahuu qaba. Keessumatuu barsiisaan baratoota isaa waana isaan dhagayuu qaban qajeelchuu fi qopheesuu qaba.malli kun baratoota warren ddandeettii dhageettii fi sochii qaamaan barachuu danda’aniif baay’ee filatamaa dha .

B. Taphaa afuuffee/Balloon Game
Mala kana keessati baratoonni lakkoofsa maqaa namoota beekamoo baaloonii samii irra baalala’aa jiru keesa akka jiran fakeenyaatu ni kennemaafii.Baalooni sun waytaa deemuu sana lafatti kufuuf deemaa jira carraan baaloonii kana tursiisuu namoota baalonii sana keesa hir’isuu qofaa dha.Haala kanaan barattoonni nama hangam harca’uu akka qabu,eenyuun dursuu akka qabanii fi itti aansuun eeyuu akka tahe marii taasisuun akka murteesan carraan ni kenamaafii.Namoota sana hayyoota beekamoo,saynsistoota ykn kan barbaade fayadamuu ni dandeesa.Sana booda maaliif akka kana taasisaan sababa isaanii ni dhiyeefatu.
C. Sammuu Damaqsituu /Brain storming
Malli kun hanga barataan yaada qabiyyee tokkoo burqisiisuu danda’uti carraa kan kennamuu fi dha Malli kun daandii qabiyee barnoota guyaa sanaa saaquuf kan fayadu dha.Kan dalagamus gama heduun dha –gareen namlamee, garee namheduu ykan daree waliigalaan tahuu nidanda’a – yaada baratootaa waraqaa giraafiiti ykn gabatee irrati barsiisaan ni barreesa.Haalli kun baratooni qabiyee sana hangam hubannoo akka qaban fi gocha bay’ee filatammaa dha.
D. Garee Bazii/ Buzz Group
Malli kun malee baratoonni gareen gocha daqiiqaa lama keessti dalagamuu danda’u dalagani dha.Wayta od-ibsa fayadamaa jirruti baratoota walbira taa’aa jiran garee afur qabu ijaaruun yaada hedduu tahe kan qabiyyee sana gabisan akka burqisiisan tassisuu dha.Haala kanaan gaafii ijoo qabiyyee sana gidduu galeefate gaafachuun akka daqiiqaa lamaaf irrati mari’atan kennu.Mali kun mala wayta od ibsi gageefamu baratoonni sa’aa muraasaatiif carraa odeefannoo sammuu keesa seene itti bilcheefatani dha. .
E. Qorannoo dhimaawaa /Case Studies
Malli kun baratootaaf dhimoota garagaraa tokko ykn isaa ol tahan baratootaaf kennuun akka isaan irrati qo’annoo gadifageenyaa irratti taasisan dha. Malli qo’annoo kun haala jireenya qabatamaa irrati bu’uurefamuu fi baratootas dhimicha haala kamiin furmaata akka barbaadan gara murteesuu irrati kan isaan qajeelchuu tahuu qaba.
F. Waldorgommii/Competition
Malli kun gosa barnootaa rakkoo hiikuu irrati xiyyeefataniif baay’ee gaarii dha. Mala kana fayadamuuf haalota dorgommiif mijawaa tahan kan baratoonni gocha tokko bifa dorgommiin shaakalan qopheefamuu fi mijeefamuu qabu.Sana booda baratoonni dorgomaa isaanii waliin akka dorgommii taasisan gochuu dha.Fkn barsiisaan Herrega ykn fiiziksii barsiisu tokko gaafii cimaa tahe gabateeratti barreesuun barataa kamtu dafee xumure jedhee baratoota waldorgomsiisuu barataa isaa adda baafachuu ni danda’a. Gama biraatiin falmii taasiisuunis tahe haala brabaachisaa tahe kamuu keesati fayyadamuun ni danda’ama

G. Qidominaan Barachuu/Cooperative Learning
Mala kan fayyadamuuf mataduree murta’e irrati baratoota gareen qindeesuu qabama.Qajeelfama ifa tahe kenuun, hala kamiin hojechuu akka isaan irraa eegamu ibsuu fi miseen hundi gahee dhuunfaan bahuu qabu adda bahee taa’uu qaba.Fkn gahee haala mijeesaa,qaphxii qabaa,yaadannoo qabaa,yeroo to’ataa,gageesaa,gabaasa dhiyeesaa fi kkf miseeensa gaaree tiif qodamuufii qaba. Haala kanaan bu’aas ta’e midhaa argameef miseens garee ittigafatamumaa fudhachuu qaba.Haala kanaan miseensi garee ogummaa gargar ta’e akka dagaagfatan carraa ni kenna.Malli kun gocha hojii manaa, projektii, abbalttii, fi kkf ittin barsiiusuuf faydaa qabeesa dha.
Kabajamoo barataa, malli qindominan barachuu bu’aa qabeessa tahe baratoota aadaa hedduu keesaa dhufan barsiisuuf bay’ee filatamaa dha.Baratoota gareen qindeesuu fi gocha miseensi garee kun wal irrati hunda’anii dalagan kennuun fedhii fi hariiroo hawaasumma akka gonfatan carraa kan kennu dha.Malli kun baratoonni barachuu keessati hiriyyaa waliin akka walqixa qooda fudhatan isaan taasisa.Erga takkaa keessati hirmachuu eegalanii barataan kamuu muuxannoo kam warren biro irraa akka argachuu qaba jedhee ofgaafachuu qaba.Kun ammo waliti dhufeeny fulduratiif daandii saaqa jechuu dha.
Qindoominaan barachuun baratoonni akka adeemsa baruu barsiisuu keesati akka hirmaatan gargaara.Barattoota garee xiqaati qoodamanii gochaalee tokko qindominaan akka dalagan taasisuun damaqinaan barachuu baratootaa haala adda taheen akka cimu taasisa.Wanti baratoonni waliin marii’atan fi wanti barsiisaan barsiise akka baratoonni hubanoo fi baranoota haaraa akka dagaagfatan isaan taasisa.Malleen beekamoo qindoominaan barachuu tahan barannoo –jigsaw jedhamu ulaagalee kana guuta.Baratootaaf abbaltii garagaraa kennuun akka isaan baratan qofaa oso hintahiin akka walbarsiisanis carraa olaanaa tahe ni kenna.

Kabajamaa Barataa! Akka keeti baratoota gareen qindessuun fi gocha tokko akka waliin dalagan taasiisuun qofti baratoonni duugda duubee garagaraa qaban barnoota bu’aa qabeesaa tahe walqixaa argataniiru nama dandeesiisaa?Yoo lakki jetta tahe haala kamiin qindoominaan barachuu bu’aa qabeesa tahe hojiira oolchuuf dabalataan maaltu tahuu qaba jetta?


Baratoota akkuma gocha kana yaaltanitti baratootaa gareen qindeesuun gocha tokko akka waliin hojetan taasisuun qofti baratoonni hundi walqixa barataniiru jechuu nama hin dandeesisu.Barachuu isaaniitiifis wabii tahuu hindanda’u.Kanarra hojiin garee qindoomina barbaada haala kanaan barataan hundi wanta isa irraa eegamu hubannoo gahaa thae qabaachuu qaba. Haala kanaan haaldureen armaan gadii xiyyeefannoo argachuu qabu:
i. Walirrati hirkannaa qajeelaa/Positive interdependence
ii. Ittigafatamumaa dhuunfaa/Individual accountability
iii. Walti dhufeenya cimaa /Promotive interaction.

i. Walirratti hirkannaa Qajeelaa /Positive Interdependence.
Walirratti hirkannaa Qajeelaan ilaalcha qunamtiin miseensa garee gidduu jiru ani milkaa’uu kaniin danda’u yoo hojiin ko namoota biro fayyade ykn hojiin isaanii ana fayyade dha kan jedhu qabachuun waliin hojechuu dha.

Barataa,Barsiisaan walirati hirkanaa qajeelaa kana haala kamiin mirkanesuu qaba jettee yaada? _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Galmi fi gochi gareen raawatamu erga karoorfamee haala gareen sun hanga amantaa waliin daakan ykn waliin keesti dhidhimanti raawatamuu irra gahuu qabu. Haala kanaan wali irrati hirkanaan qajeelaan qindaa’aa tahe jiraachuu kan danda’u yoo:
• Miseensi garee sanaa hundi yaalii wanta isa irraa eegamu milkaa’ina argamuu bahuu irraa eegama.
• Miseensi garee hundi yaalii waltai’na qabu uumuuf gahee adda tahe qaba
Walumagalati haala kan uumuun miseensi garee hundi milkaa’na garee sannaatii aarsaa akka godhan fi hundhuura walta’inaan barachuu ti .Kana jechuun waliti hirkanaan hinjiru taanaan qindominaan barachuun hinjiru jechuu dha
Hundacaalaan ammoo barsiisaan qindominaan barachuu hojiira oolchuuf kanneen armaan gadii irratti xiyyeefachuu qaba:
• Gochaalee mala kannaan baratamuu danada’u kanneen miseensoni garee qooda keesati fudhatan qopheesuu. Gochii hirmannaa garee barbaadu miseensa garee dhuunfaatiin salphaati dalagamuu hindanda’u.
• Badhaasa waliti hirkannaa jajabeesu fayyadamu: Fkn qaphxii miseensonni garee dhuunfatiin aragatan cinaati yoo miseensi garee sanaa walta’iinsaa cimaan wanta barbaadameen ol yoo dalagan tahe garee sanaaf qapphxii dabalataa akka badhaasaati kennuu..
• Missensi garee hundi gahee bahuu qaban addaan qooduun kennuu(fkn hoganaa,yeroo to’ataa,dhiyeesaa, kkf)

ii. Ittigafatamumaa Dhunfaa/Individual accountability
Malli kun kan barataan hundi barumsa keesati barachuu isaatiif itti gafatamaummaa kan fudhatu dha.Kana jechuun barataan kamuu qaphxii barbaachisaa argachuuf barataa biroorati hirkatee akka darbuu hindandeenye ejjennoo qabachuun akka dalagu taasifamu dha.Kanaafuumalli ittigafatamumaa dhunfaa kun kan carraa namni tokko akka barbaade ta’uu barbaaduu fi namarati rara’ee darbuu barbaadu daandesuuf barsiisaan itti fayyadamu dha.
Barataa! Barsiisaan tokko ittigafatamumaa dhuunfaan mala qindoominaan barachuu keesa jiraachuu isaa haala kamiin mirkaneefachuu danda?


Tooftaaleen ittigafatamumaa dhunfaa baratootaa mala walta’inaan barachuu keesa jrachuun kan ittimirkaneefamuu danda.u hedduun jiru.kannenneen keesaa muraasni:
• Erga wlata’inaan barachuun gagaeefamee booda,miseensi garee hundi gocha walfakaatu dhuunfaan akka dalagan ni taa .kana jechuun gareen yoo waliin baratan dhuunfaatiin ammoo dalagaan agarsiisuu ni danda’u jechuu dha.
• Barataa hundaaf carraa hirmannaa fi raawii isaanii nama birootin akka madaalamu isaan dandeesiisu kennuu
• Erga waliin dalaganii booda akka tasaa barataa tokko kaasuun akka yaada dhiyeesu gochuu.haali kun akka baratoonni hundi ittigafatamumaan gahee isaanii akka bahan ni taasiisa.
Walumaagalati qindoominaan barachuu bu’aa qabeesa tahe walitidhufenyaa,waliin dubachuu ,fi walirraa barchuu baratootaatiif fayadaa olaanaa qaba.Kanaafuu wayta gocha tokko gareetiin kennamu baratooni gahee walii qoodanii erga hojetanii booda walitifidanii gabaasa qopheefachuu nimalu wayta kan waliti dhufeenyi hanga thae umamuu ni danda’a.Garuukun gahaa miti gochaalee wayata qophaa’u qunamntiin isaan gidduu jiru cimaa fi waliif yaaduu cimaa tahe isaan gidduti uumamuu qaba.yoo kun mirkanaa’e tahe qindoominaan barachuun galmaan gaheera jechuun ni danda’ama.
H. Garee Qaxxaamura /Crossover Group
Baratoonni dhima tokko irrati akka marii taasisan gareeti ni qoodamau.erga daqiiqaa 5 marii taasisanii booda miseensi garee sanaa lama tahan garee isaanii bakka bu’uun gara garee biraa deemuun waan gareen sun marii taasise irrati ibsa ni taasisu.Erga marii tasisaanii booda haala walfakaatuun gara garee biraati ce’uun ibsa biraa garee biraa waliin ni taasisu.Haala kanaan odeefannoo baratmuu qabu daree hunda walgeesisuun akka walirraa baratan fi muuxannoo waliif akka qoodan ni taasisa.
I. Falmii/Debate
Falmiin mala dhima falmisiisoo tahan irrati baratoonni garee umatani irrati falmii taasisani dha.Gareen uumamu lama yoo ta’u hundinuu dhimaa isaaniif kenname kan deegarn fi kan biro ammoo kan morman tahu. Gareen lamaanuu hoganaa fi deegartoota mataa isaanii ni qabaatu.Qaamni falammii taasifamu hoganuu seeraa fi yeroo to’atu fi murtee kennuu jiraachuu qaba.Yeroo kenname keesati gareen lamaanuu haala ifaa taheen ragaan deegaruun yaada isaanii dhiyeefachuu qabu.Yaada dhiyaate kana irrati hundaa’uun garee kamtu akka mo’ate qaamni falmicha hoganani ni ifoomsu.Murteen kun kan darbu isa kamtu haala lojikalawaa taheen yaada garee biraa irraa ka’e sirriti dharoomse fi kkf irrati hundaa’uun ciminaa fi hanqina garee adda baasuun garee mo’ate ni badhaasu.
J. Gahee taphachuu/ Role Play
Malli kana fayyadamuuf baratoonni gocha tokkoo haala qabatamaan baratoota fuldurati dalagamuuf yoo barbaadame dha.Gochi sun yoo bifa taphaa gabaabaan ykn dheeraa tahe ykn ammoo sennessuutiin kan ibsmuu danad’u tahuu qaba. Haala kannan baratoonni hordoftoota isaan fuldurati dhiyeesuun kan walirraa baratani dha. Gochi draamaan darbu humana cimaa kan qabuu fi baratoota dandeetii sochii qamaa qaban kan beekumsa fi hubanoo of keessati horatan taasisu dha.
M. Fakkii, Maapii fi Giraafii kaasuu / Pictures, Maps and Graphs
Malli kun baratoota dandeetii agree fi qaam sochiin barachhu qaban ittiin barsiisuuf baay’ee filatamaa dha. Malli kun baratoonni wantoota ijaan mul’achuu hindandeenye akka ijaan mul’atu, hubatamu danda’uti jijiiruun hubannoo isaanii kan keesati gabifatan dha. Wayta abbaltii baratoonni bifa suuraan,fakkiin graafii,chaartii fi kkf akka dhiyyefatan taasifaman want asana akka yaadatan carraa ni kennaafii.
K. Barranoo madaaluu/Evaluation of Lesson
Malli kun kan baratoonni barannoo guyyaa sanaa baratan kan itti madaalani dha.Madaallii kana kun kan gageefamu gaafannoo dhiyeesuun,gaafii qomaan.gaafi waliigalaa baratoonni gaafataman irraa, fi kkf fayyadamuun tahuu ni danda’ama. Haalli kun barsiisaan wanta hara’a barsiisaa oole kan ittiin duubdeebii itti argatu fi kayyoon barsiisuu isaa galmaan ga’uu isaa kan ittiin mirkaneefatu dha. Mala kanati fayadamuuf haalli baratoonni yaada isaanii bilisaan soda fi shakii tokko malee ibasachuu danda’anii fi barsiisaanis yaada kana deebii baratoonni kennan miira gaariin simachuu kan isa dandeesisu uumamuu qaba.
L. Yaalii/Experiment
Yaaliin wayta baratoonni mala dhayii tokko ( hypothesis) ittiin deebii barbaadu dha. An experiment is when students put a hypothesis to the test. Yaaliin kan gageefamu yaadni tokko dhugaa moo dhugaa miti kan jedhu mirkanefachuuf gocha namni yaalii gageesu tokko raawatu dha.kan gageefamus haala fi mala baay’ee to’atamaa tahe keesati fi bu’aan mul’ates kan galmeefamaa deemu dha. Bu’aa galmeefame irraa ammoo arganoon ni ifooma.Gaafii maladhayamee ture deebii ni argata. Yaaliin bifa garagaraa ni qaba: yaalii saynsaawa, yaalii laaboraatorii, yaalii yaada qalbii, yaalii barnootaa, fi yaalii dirree.

M. Hojii dirree/Fieldwork
Hojiin dirree kan baratoonni daree barnootati baratan haala qabatamaan dirree irrati maal akka fakaatu hubannoo kan itti gabifatani dha.Baratooni wanta daree keesat baratan daawachuun raga qabatamaa sasaabachuun bifa gabaasaan daree keesti muuxanoo waliif qoodan dha.Fkn baratoonni gosa barnootaa bayoolojii baratan gara dirree deemuun haftee bwaantootaa ykn biqilootaa tahuu ni danda’a sasaabuun xinxala irrati gageesuun want asana gadifageenyaan barachuu ni danada’u. Malli kun waanta qabatamaa dhugaa baratoonni qaamaan bira deemuun hubannoo akka argatan gochuuf baay’ee filatamaa dha.
N. Tapha /Games
Yeroo ammaa taphini geemii kana malla qabiyyee barnootaa tokko ittiin barsiisuuf bay’ee filatamaa tahaa jira.Mala kana keesaa ‘Bingoon’ isa tokko dha.Biingoo fayadamuuf kaardii jechhotaa ykn odeefanoon irrati bareefameeru garagaraa qopheesuu dha.Meshhaa kardiin kun keesa naqamu qopheesuu dha. Meeshaa kana keesati kaardiin barreefamna dhima mataduree sanaa ibsan keesa naqama.Baratoonni meshaalee sana keesaa kaardii tokko baasuun kan isaanii waliin tokko yoo tahe ‘Biingoo’ jechuun sagalee ol kaasanii ni dubatu. Haala kanaan abbaan deebii hanga barbaadame sana argate tapha sana ni mo’ata.

O. Od-ibsa Boqotaa(Gapped Lecture)
Od-ibsa Boqotaa mala barsiisuu barsiiaan wayta barsiisaa jiruti mala od-ibsa malleen damaqinaan barachu waliin walmakun fayadamuun barsiisudha. Malli kun mala nufisiisaa od-ibsa xiqeesuun barattoon damaqinaan akka hirmaatan carraa kennuun qabiyyee baratamma jiru sirnaan akka hubatan taasiisa.
Mala kana fayadamuuf jalqaba kaayyoo baratoonni waanta fuldurati hubachu fi barachuu qaban adda baasuu dha.haalli kun sammuu isaanii akka ofqopheesu isaan taasisa
Sadarkaa lamaffaati daqiiqaa 15 hincaaleef qaphxilee ijoo baratootn barachuu qaban irrati ibsa gabaaba kennuu. Kana booda mallewnn damaqinaan barachuu tahan kanneen akka Smmuu si’eesituu,gaafiilee shaakalaa,piraamidii,barreefama gabaabaa fi kkf fayadamuun barsiisuu qabama.Gochaaleen kunneen hanga daqiiqaa kurnan(10) tiif hojiira ooluu qabu. Itti aansuun daqiiaa 15 tahuuf ammo od-ibsa addaan cite ture ittifufuun barsisamuu qaba.Haali boqonnaa akanaa kun baratoonni fedhiinaan akka hirmaataniifi barumsa darbaa jiru bifa salphaa taheen akka ofiti fudhataniif gargaara.
P. Mala Goldi Fishii (Goldfish Bowl)
Mala kana wayta kan fayadamnu yoo mataduree ho’aa tahe tokko yoo marii taasisuuf barbaanedha.Mala kana fayyadamuuf baratoota lama(Dhiiraa fi Dubara) fuullee walii taa’an fi baratoo garee tokkoon marsamanii akka taa’an gochuu. Battooni kunneen qaphii marii ho’aa maddisiisu garagaraa kennamaafii.Qaphii kana irrati falmii ni taasisu.Barataan fedhii qabu barataa yaada isaa deegaru yoo jiraate seenee barataa sana baka bu’uun falmii sana keesati makama.haala kanaan baratoonni kan deegaran waljijiiruun muuxanoo isaanii akka waliif qoodan ni taasifama. Barsiisaan akka barbaachisaa isaati gidduu seenuun baratoota afeeruu ni danda’a.Malli kun baratoonni qabiyee tokko oso hinbaratiin dursanii hubanoo akka qabataniif ni gargaara
Q. Mala Dhunfaatiin hojechuu/Independent Work
Mlli kun akkuma maqaan issaa jedhuti baratoonni gargaarsa nama biraan ala of danada’anii gocha tokko akka raawatan taasifamu dha.kun ammoo kan tahuu gochaalee bifa abbaltiin dhuunfatiin dalagamu,hojii manaa,hojii daree,qorannoo,rakkoo hikuu fi kkf bartaan tokko of danda’ee akka dalagu yoo barbaadame kan kennamu dha.Malli kun baratoota dandeetii ofi isaanii waantokko gadifagenyaan sakat’uun barachuuf fedhii qabantiif bay’ee filatamaa dha. Mala kana fayadamuuf dhuma waytii ti daqiiqaa 20’ hambsuun baratoonni gocha tokko kennama.Kana booda barsiisaan deebisaa sororsuu irraa deebii gaafii sanaa maan kitaabaa ykn iddoo mul’atu tokkoti maxansuun baratoonni akka ofii isaanii akka mirkaneefatan gochuu qaba.Baratoonni deebii sirrii taha hin arganne ykn gaafichi itti cime yoo jiraatan akka barsiisaa bira dhuunfaatiin dhufan jajabeefamuu qabu.
R. Sakata’inaan barachuu/Investigation
Sakat’uu jechuun barabaaduu dha.Mala kana keesati baratootaaf mataduree dhima ykn yaada sakata’inaan argamuu danda’u ni kennama.Yeroo muraasaatiif dhimicha irrati qo’annoo gadifagenyaa taasisu. Wayta sana raawatan barsiisaan isaan qajeelchuu fi kallatii hundaan akka ilaalan deegars kennuu qaba qaba. Sana booda baratoonni argannoo sakata’anii aragtan sanaa karaa adda addaa fkn ibsa gochuun, bifa gabaasaan, bifa agareetiin, ykn akka isaaniif mijatuun dhiyeefachuu ni danda’u .
S. Mala Garee walbarsiisuu/Microteaching
Malli kun baratoonni garee xiqooti walqooduun mala garagarati fayadamanii kan ittiin walbarsiisani dha.Akka barsiisaati barataan tokko gaheen ni kennamaafii kanneen biro baratoota tahu.Mala kana hojiira oolchuuf daqiiqaan 10 – 15 tahu ni barbaachisa. Wayta walbarbarsiifamu sana baratoonni nama akka barsiisaa tahee barsiisu sanaatiif yaada deebii wa’ee mala fayyadame, adeemsa hordofeerati ni kennu.Yaani kennamu cimina fi kan ijaarsaa tahuu ni danda’u.Malli kun baratoota ogummaa barsiisumaa akka gabbifataniif akka leenjiiti ni tajaajila..
T. Maappii sammuu/Mind Map
Malli maappii sammuu yaadootni ijaan ilaalaman fakkasamanii sammuu keesati akka uumamu taasiisuuf hojiira oolu dha.Mala kana fayadamuuf baratoonni gidduu waraqaa irrati sarara geengoo bal’aa ni kaasu.Kana keesati mataduree irrati marii’atamu ni barreesu.Halluu qubeesaa sadii fayyadamuun sarara giduu irraa gara kallatii hundaan dame itti uumuun matadureen xixiqaa tahan akka keesti barrefaman ni taasisamu.Mataduree kana irrati hundaa’uunis mata dureen xixiqaa biro ijaaruuf ammas dame itti uumama.Damee kana keesatis halluun biraa dibamee yaadni haaraan keesati ni ijaarama.

U. Marii Cimdii/Pair Discussion
Malli kun kan fayadamnu yoo gochi tokko nama lamaan akka daladgamu yoo barbaadame dha.Kan gageefafus baratoota walbira ta’aniini ykn baratoota dura waliin hojetanii hinbeekneen ta’uu ni danda’a. Baratoonni kun erga marii taasisanii xumuranii booda kutaaf ni dhiyeefatu.Malli kun mariin bal’eensi oso hin gageefamiin dura baay’ee filatamaa dha sababni isa baratoonni soodaatan ykn qaana’oo tahan sagalee isaanii hiriyaa isaan bira ta’uu waliin bilisaan dhagasifachuuf carraa ni argatu. Malli kun gocha piramidiitii dalagamu nama geesuufis bayy’ee mijataa dha.

V. Mala Piramideessuu/ Pyramiding
Malli Piraamideessuu(Pyramiding) mala barsiisuu kan barattooni dhuunfaatiin akka yaalan taasisuun gareen ammo akka marii taasisan dha.Mala kana fayyadamuuf gocha dhuunfaan yeroo murta’e keessati dalagamu,rakkoo furamuu qabu ykn ammo abbaltii xumuramu tokko barattootaaf kennuu qabada.Kanatti aansuun gareen qindeesuun dalagaa isaanii akka walibira qabanii madaalatan taasisuu dha.Sana booda akka garee namlameeti wal ijaaruun yadoota baay’ee barbaachisoo tahan waliti qindeesuun gabaasa akka qopheefatan taasisuu dha. Ammas garee miseensa afur qabuti ijaaramuun yaada gabaasaa isaanii akka waliif qoodan tasiisu dha.Xumura irrati duubdeebii waliigalaa dareef gama barsiisaan ni kennama.As irrati deebiin garee hundaa dareef akka dhiyaatu dirqama miti .Kan bayy’ee muxanoof tahuu danda’u keesaa akka dhiyaatu gochuun barbaachisaa dha.Haala kannaan qaphixilee ijoo tahan barsiisan gabatee irrati kennuun yaada dhiyaate cunfee baratoonni hubannoo wali fakkaatu akka argatan gochuu qaba.
Gabeetee armaan gad dhiyaatan keessaa malleen barsiisuu fedhii barachuu baratootaa tarreefaman guutuu danada’an adda baasuun bakka yaada jedhu irrati moo ibsa gabaabaa kenni..
Akkaata barachuu (Learning style ) Malleen barsiisuu(Teaching methods ) Yaada(Remark)
Agaree/Visual
Dhageetii/Auditory
Kinaesthetic
Barataa damaqaa
active learners
Barataa haala waliigalaan hubataa/Common sense learners
Barataa xinxaluun hubataa /imaginative learners
Barataa yaada axererawaan hubataa /theoretical learners
Barataa derree maxxanaa cimaa qabu/Field dependent learners
Barataa maxxana hinqabne/ Field independents learners
Barata dubbiin cimaa tahe/Verbal intelligence
Barataa dandeetii lojikalawaa (Logical intelligence
Barataa dandeetii artii muuxiqaa /Musical intelligence
Dandeetii Qunamtii namoota /Interpersonal intelligence
Qunamtii of waliin /Intrapersonal

Baratoota,Mala kamtu fedhii barataa hedduu tahe al tokkotti guutuuf carraa guddaa qaba?Maaliif ? Akkamitis guutuu danda’a ibsa kenni.


Gochaalee kutaa kanaa
Barattootaa!Kutaa armaan ol kana keessati dhimoota malee baruu barsiisuu walqabatan akka istratijii yaada hidamoota barachuu hojiira oolchuu gargaaraniti bal’inaan ibsamee ture.Haala kanaan dhimoota kana irrati hundaa’uun gaafiileen armaan gadii isiniif dhiyaataniiru.kanaafuuyaada deebii dhiyaatan oso hin dubbisiin gafilee kana dhunfaakeetiin yaaluu qabdu.

  1. Walfakeenya toofttaa barachuu,yaada hidama barachuu fi mala barsiisuu gidduu jiru fkn qabatamaa fudhuuti ibsa kenni.
  2. Malli barsiisuu yaada hidamoota barachuu sadarkaa barnoota gadii keessti ittiin barsiisuuf/ hojiira olichuu / akkamitti akka istratiijiiti tajaajiluu akka danda’u ibsa kenni.
  3. Osoo barsiisaan tokko cal jedhee mala tokkoon qofaa barsiise maaltu baratoota irrati uumama sitti fakaata?Oso mala garagaraan barsiisee ho?
  4. Mallen armaan ol barate keessa kanneen fedhii baratootaa heduu al tokkoti guutuu danda’an fi baratoonni hedduun fayyadamoo itahn kam tarreesuun sababake dhiyeesi.
  5. Malleen qindominaan barachuu bu’aa qabeesa taasiisuuf haldureen gutamuu qabu maalfaat/ mee tarreesi?
  6. Akka barsiisaa tokkooti malleen qindoominaan barachuu daree barnootaa keesati hojiira akkamiti oolchuu dandeesa?
    Duub deebii Kutaa kanaa
    Baratoota gaafiin gochaalee garagaraa keesati gaafatamtani yaadaota bu’uuraa fi qaphxiilee ijoo tahan akka hubatan carraa akka isiniif kenne ni abdatama. Akkasumas gochaalee tokko tokko tokko deebii itti kennuuf rakoon siqunameera tahuu ni danda’a.Haata’u malee dhimoota kana sirriti hubachuuf qabiyyeewan siif dhiyaatan cinaati kitaabilee wabii dubisuun hubanooke gabifachuun si irraa eegama. Gababumati garuu malli baruu fi barsiisuu fi akkaataan barachuu yaada hidama barachuu hojiira oolchuuf istratejii hordofamani akka tahe boqonaa kana keesati bal’inaan ka’ee jira.Kana jechuun yaada hidamoota barachuu hayoota garagaraan qophaa’e kan hojiira oolchuu dandeenyu toofataalee kanneeniti yoo fayadamnee qofaa akka tahe bal’inaan ibsameeraFkn akka beekamu baratoonni fedhii barachuu garagaraa qaban malleen baruu barsiisuu garagara ni barbaadu.Malleen baruu barsiisuu barsiisonni wayta barsiisan kan ittifayadaman kunneenis akaakuu heduu fi tajaajila garagaraa kan qabani dha. Malleen kun jirachuu isaanis fedhii baratoonni barnoota sana irraa guutachuu barbaadan akka guutamuufi gahee olaanaa taphachuu ni danda’u. Akkasumas yaada hidamoota barachuu qabatamaan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa keesati hojiira oolchuu gahee isaanii olaanaa dha. Akkuma beekamu barsiisaan mala barsiisuu isaa garagara taasise fedhii baratoonni daree keesati qaban haala salphaa taheen guutuufii caraa olaanaa tahe kennuufii ni danada’a.kanaafuu barsiisaan barnoota kamuu barsiisuu fedhii baratoonni daree isaa kesati mul’isan guutuuf mallenneen damaqinaan barachuu armaan oliti caqasaman haala qabatamaa qabiyyee barsiisu irrati hundaa’uun milk’aaina baratootaa isaatiif gumaachaa akka godhu irraa eegama. Kanati aansuun ammoo istrateejii ofiin barachuu baratootaaf baay’ee faydaa qabeesa kan tahe wa’ee si’aayinaa gabaabatee isiiniif dhiyaateera.

Kutaa 3.3: Si’aaynaa adeemsa baruu-barsiisuu keessati
Mata duree darbe keessati dhimoota malleen barsiisuu fi haala barataan itti baratu gadifagenyaan hubachuun hangam mannenneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessati yaada hidamoota barachuu hojiira oolchuuf qooda akka qaban hubataniitu.Akkuma kanaan mataduree kan keesatisi’ayina irrati hundaa’uun gahee inni barsiisuu sadarkaa gadii keessti qabu gadi fagenyaan ni baratu.Haala walfakaatuun kutaa kan keessti ammoo wa’ee si’aayinaa fi haala daree barumsaa keesi hojiira ooluu danda’u ni barattu.
Baratoota si’aayina jechuun Maal jechuu dha? Wa’ee s’aayinaa kan beetu mee barreesi. Barachuu nama tokkoo irrati dhiibaa qabaachuu danda’aa? Akkamiti?


Schunk (2000:300) akka jedhuti si’aayina jechuun ‘…adeemsa yaada qalbii tokko kakaasuun gara galmaati geessu dha’. Akka namni kamuu hiikutis waanta tokkoti s’aayuun jechuun hojii tokko raawachuuf human keesaan guutamuun gara galma bu’a qabeessa tokkoti fi milkaa’ina irra gahuuf yaalii gahaa tahe taasisuuf kan gargaaru dha. Westen (2002:335) akka jedhutis s’aayinni human yaada qalbii tokko kan baay’ee barbaadnu tokko akka arganu kanneen hinbarbaanne irraa ammoo akka irraa fagaannu kan nu taasisu dha.’Qabatooni kan keesoo (amantaa ,sonaa ,fuldurati kan eegatamu,galama) fi kanneen alaa ( badhaasa,deegarsa,duubdeebii,namoota birootiin jajamuu,kabaja) tahan si’aayinni nama keesati akka uumamuuf shoora guddaa kanneen taphatani dha.
Barataa! Akkaakuwan si’aayinaa tarreesuu ni dandeesaa?Akka keeti si’aayna isa kamtu deemsa barachuu ke irrati dhiibaa qaba?mee yaada ke bakka armaan gadii ti fayadamuun ibsa kenni. _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Baratoota! Si’aayyinni bakka gurguddoo lamati qoodama:Si’aayina keesoo fi si’aayina alaa jedhamuun beekamu.Si’aayinni keesoo yoo baratoonni fedhii keesa isaanii irraa burqe guutachuuf jecha gacha tokko irrati fedhinaa isaanii qofa irrati hundaa’uun dalagaa tokko kan raawatani dha.Akaaku si’aaynaa kun kan baratoonni sadarkaa 1ffaa irrati bal’inaan mul’atuu fi baratoota umurii kamu irra jiran fedhii ofii gutachuu fi ittiquufinsa gaarii fiduuf jecha qo’annaa taasisan dha. Si’aaynni keesoo kun bal’inaan baratoota warren dadhabina barachuu qabani keesti baay’ee xiqaa dha.
Gama biraan si’aaynni alaa kan jedhamu namni tokko hojii tokko kan dalagu faaydaa qabatamma tahe fkn badhasa argachuuf jecha ykn waantoota jibamoo bu’aa barachuu hin taane jalaa dheesuuf jecha kan dalagu yoo tahe dha.baratoonni dhhekamsa barsiisaa ,seera daree soda barumsa hordofan kanneen keesati ramadamuu ni danda’u.Walumagalati akaauun si’aaynaa lamaanuu nama tokkoof baay’e barbaachisaa tahuu isaanii hubachuu ni danda’ama.Kanaafuu si’aayni adeemsa baruu barsiisuu keesati baratoota irrati mul’atan bu’aa gama lamaanuu irraa kan dhufe dha jechuun ni danda’ama.
Kanaafuu barsiisaa tokko barattoonni daree keesaa hund s’aayna keesaa qofa qabaachuu akka hindandeenye hubachuun kanneen si’aayina alaatiin barachuu fedhan waanjiraniif gocha badhaasa gidduugaleefate irratis xiyyeefachuun barbaachisaa.Kanaaf barsiisaan wayta barsiisuu fkn jajuu, mallatoo addaa baratoota si’eesan fi kkf fayyadamuu barachuu baratootaa safisiisuu qaba.Yaalii barataa badhaasa kennuun si’eesuun baratoonni fulduraafis haala walfakaatuun akka yaalii wali irraa hincinne taasisan human olaanaa qaba.Haata’u malee hayyoonni biro faydaa si’aayna alaa irrati qeeqa kaasaa jiru.Akka hayoota kanaati si’eesituu alaati yeroo heduu fayadamuun si’aayna alaa dadhabsiisuun baratoonni hojii tokko hojechuuf si’eestoota alaa irrati hirkatoota akka tahan godha (McInerney & McInerney, 2002; Ryan & Deci, 2000). Garuu hayyuun Schunk (2000) ibsuti si’eestoota kanneen walduukaa fayyadamuun faydaa malee midhaa jiru baay’ee xiqaa dha jechuun ibsa.dabalataanis akka hayyuu kanaati:
Yaadni si’aayinna wantoota keesa namaati dhagahamuu fi wantoota miira namaa alaa nama harkisaniin kan ofkeesati hamatedha.Gidduu isaanii ykn dhumarra yaada qalbii uumaamaan gara alaati harkifamu garuu booda gara keesooti jijiiramaa deemee akka namni sun hanga ofii murteefachuut kan of isa dandeesisu dha. Fkn baratoonni gocha barnoota keessati isaanii kennamu jibuu ykn dheesuu barbaadu garuu badhaasa argachuuf ykn dheekamsa barsiisaa jalaa bahuuf hojechuu ni danda’u. Baratoonni akasii kun warren human si’aayina alaan gutamani dha.Waytaa muxannoo fi dandeetii horachaa deeman baratoonni kun barnoota baratan keesati miira ofii murteefachuu fi to’achuu horachaa ni deemu.wayta kana nama s’aayina keesaan barachuu danada’u tahaa deemu.Kanaafuu gochaalee kennaman kanneen si’aayina keesaa baratootaa damaqsanii fi si’eestootni qajeelaa hawaasummaa/positive social reinforcers fkn badhaasa,duubdeebii/ amoo adeemsichaa deegaruu qabu..
S’aayinni barachuu dhala namaa keesati kanneen gahee bu’uura taphatan keesaa isa tokko dha.Yaadni hidamni si’aayinaas kan xiyyeefatu dandeetii sababeesuu barataa barnoota keesati qabuu akka cimuu fi haalota si’aayina cimsan irrati dadha(Covington & Muelle, 2001).
Kutaa barnootaa keesati milkaa’inni ykn kufaatiin hanga si’aayinaan barachuu baratootaa irrati dhibaa mataa isaa danada’e ni qaba.Fkn Santrock (2001) akka jedhuti halli xinsamuu-hawaasumaa barataan sun amma irra jiru fi currisni kufaatisaatiif deebisu si’aayina fulduraaf qabu irrati dhibaa olaanaa qaba. Rakkoon barsiisaa qunamus kaka’umsa barataa sana keesa jiru ykn dhibaa’umaa inni barachuu irrati mul’isu adda baafachuu dadhabuu dha.
Akka Driscoll (2000) jedhuti akka barsiisota heduun jedhaniti si’aayinni baratootaa akka gadi bu’u sababa kan tahe hojii daree ykn manaa hojetaniif ,barumsa keessati gutumaan hirmaachuuf,hojii kennameef yeroon xumuruutiif badhaasa qabatamaa taheetiif bakka olaanaa kennuu irraa kan ka’e dha.Akka ilaalcha mantaa barsiisotaa kanaati si’aayinni human keesaa namaatii burqu oso hintahiin qabatoota alaatiin kan hoganamu ykn kan boocamu dha Dhima kana irrati Galloway (1998:17) akka jedhu ti dhalli namaa qabatoota hedduutiin si’oomuu ni dandaa’a. Saykolojistoonni si’aayinaa dhima kan qo’atan jedhaniti namoonni akka sochii taasisu ykn akka yaaduuf si’aayinni iddoo guddaa qaba. Hayyoonni hedduun akka jedhanitis humnoonni fillanoo dhala namaa duuba jiran, turtii fi obsa namni tokko hojii tokko keesati dabarsu, rakkoo isa mudateef furmaata barbaadu,wa’ee barachuu isaatiif ejjennoo qabu fi kkf si’aaynni iddoo guddaa qaba(Eccles et al., 1998; Howe, 1998; Wall, 2003).
Barataa! Si’aayina baratootaa daree barnootaa keesati olguddisuun ni danda’amaa?yoo eeyyee jette akkamiti yoo lakki jettemoo maaliif ? Muuxannoo ke duraan qabdu irraa kan barachuu ke keesati kanneen si si’oomsan ykn kan s’aayinake hir’isan ibsuu dandeesa? _____________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________
Akka qo’anooleen gara garaa akka mirkaneesanitti prinsiploonni waliigalaa armaan gadii si’aayina baratootaa olgudisuuf gahee qaban hedduu ni jiru (Schunk, 2000).
Si’aayinni baratoota keesati olaanaa kan tahu yoo:
 Barataan walti aansuun kufaatii ykn ammoo ceephuu hamaa ta’een kan hin balaalefatamne yoo tahe.
 Sirni baranootichaa harkisaa fi qabiyeen barnootichaa bifa barbaadameen baratoota kan dalagsiisu yoo tahe.
 Baratoonni akka kaayoo isaanii ofii isaanii akka kaayyefatanii fi akka galmaan gahan kan deegaraman yoo tahe.
 Baratoonni carraa filannoo fi gocha daree keesati raawatan irrati olaantumaan to;achuu yoo kenname .
 Qindoominaan barachuu yeroo hunda hojiira kan oolu yoo tahe.
 Barsiisonni ilaalcha gadhee baratoonni dandeetii of irrati qaban hordofee kan jijiiruu fi istrateejii ilaalcha qajeelaan akka itti dhagayamu kan fayadamu yoo tahe.
 Yoo haalli keniinsa badhaasaa daree barnootaa keesati barbaachisa tahe yaalii barttooni taasisan qubsaa tahuu isaa barsiisaan mirkaneefachaa kan deemu yoo tahe.

Gochaalee kutaa kanaa
Kutaa kana keesati dhimoota hedduu si’aayina waliin walqabatan kaasuun irrati mariin taasifameera.Amma moo gochaalee gara garaa dhima kan waliin walqabatan yalii akka taasistaniif siniif dhiyaateera.haala kanaan haala gaaftamate irrati hundaa’uun gafii siif dhiyaate akka yaaltu ni abdanna.Yaalii deebiikeesaniif ammaa duub deebii itti aanee dhiyaateeru irraa kallatii hubanoo keesan cimsuu danda’u mirkaneefachuuu ni dandeesu.

  1. Si’aayina jechuun maalii? Haala kamiin haala barachuu barataa irrati dhiibaa geesisuu danda’a?
  2. Akaakuu si’aayinaa keesaa isa kamtu caalaati barachuu baratoota irrati faaydaa olaanaa qaba?
  3. Haala kamiin si’aayinni akka istraatejii/tooftaa/ ti yaada hidama barachuu manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keesati hojiira oolchhuf tajaajiluu
  4. Si’aayinni jijiiramaa dha moo jijiiramaa miti? Maaliif kan jechuu dandeese? Ibsa itti kenni.
  5. Qabatamtoonni si’aayina nama tokko irrti qajeelaanis thae haala faallaatiin dhiibaa kan geesisan maalfaatii? Fkn kenuun ibsa kenni.
    Duub deebii kutaa kanaa
    Baratoota! Gaafileen kutaa kana keesati ka’an yaada ijoo kutaa kana keesati hubachuu qabdan adda baafachuuf yaadameeti.Gaafiilee kanaaf deebiin tokko qofaa tahe hinjiru.Garuu deebii walfakaatu argachuuf qabiyyee sana fkn kenname waliin sirritti irra deebiin kan dubifame yoo tahe jiraachuu ni danda’a.Haala kanaan si’aayinni human yaada qalbii tokko booda tahee dhiibu ykn dura goree harkisuun gara galii tokkoti geesu ykn wanta argachuu barbaanu akka argannu kan hinbarbaanne ammoo akka irraa dheesinu kan nutaasiisu dha.Barachuu nama tokootiifiis baay’ee faaydaa qabeesa dha.Akaakuun si’aayinaa lama jiru:keesaa fi kan alaa jedhamuun beekamu.Hundi isaanii barachuu baratootatiif gahee mataa isaanii ni qabu.Garuu si’aayina keesaa qabachuun namni tokko wanta argachuu barbaadu tokko rakkoo cimaa tahe keesa darbee galmaan gahachuuf human olaanaa qaba.Si’aainni nama tokko keesa jiru haala keesa jiru sana irrati hundaa’ee jijiiramuu ni danda’a.Fkn barataan si’aayina hinqabne si’oomuu kan si’aayina qabu amoo s’aayinni isaa hir’achuu ni dandaa’a.Qabatoonni si’aayina barataa irrati dhiibaa geesisuu danda’an hedduu dha.Naannoo keesti baratamu,waltidhufeenya barsiisaa fi barataagidduu jiru,gocha daree keesati kennamu,mala barsiiisaan daree keesati fayadamu,milkaa’ina barataan galameefachaa deemu,deegarsa gama barsiisaatiin kenamuu fi kkf si’aayina baratootaa irrati kanneen gahee olaanaa taphatani dha.Baratootaaa hubanoo keesan caalati gabifachuuf kutaa kana irradeebiin dubifachh ykn ammoo kataabilee dhima kana qatan dubifachuu qabdu.
    Goolaba Boqonaa kanaa
    Baratoota!Boqonaa kana keesati tooftaalee garagaraa kanneen yaada hidamoota barachuu daree barnoota keesati haala qabatamaan hojiira oolchuu dnada’amurati bal’inaan barataniitu.Haala kanaan akkaataa barachuu baratootaa,maleen damaqinaan barachuu fi si’aayinaa bal’inaan ibsuun tooftaalee yaada hidamoota barachuu hojiira oolchuuf gahee olaanaa akka taha hubannoo argataniitu. .
    Akaataa barachuun/Learning styles/ kanneen bartaan tokko addati barachuu fi dandeetii addaa qabuti fayyadamee akaataa baratu dha.Dandeetiin kunis gosa hedduu qabu.Agaree,Dhageetii ,Qaamsochii (Visual, Auditory and Kineasthetic).haala walfakaatuun tooftaalee dandeetii barachuu baratootaa kan ittiin adda baafachuu dandaanyu heduun ni jiru.Isaan keesaa gaafanoo fi mala daawannaa hayyootaan qophaa’an isaan muraasa dha.Kanaafuu gaafanoo kaneeniti fayadamnee dandeetii barachuu addaa baratoota keenyaa adda baafachuu ni dandandeenya. Barsiisaan wayta barsiisu dandeetii barataa isaatiif xiyeefanoo kenuun carraa barataan sun ofiin barachuu danada’uu akka cimsatuu fi yaada hidama barachuu haala qabatamaan hojiira oolchuuf cimee hojechuu qaba.Yoo kana kan raawatu tahe fedhii addaa barataan daree keesti agarsiisu bifa salphaa taheen guutuufii ni danda’a jechuu dha.
    Gama biraatiin malleen barsiisuu tooftaalee barsiisaan ittifayadamee barnoota guyyaa sanaa baratoota isaa ittiin barsiisu dha.Innis bakka gurguddoo lamati qoodama: Barsiisaa gidduu galeefate( fkn od ibsa,agareen barsiisuu) fi kan barataa gidduu galeefate( malleen damaqinaan barachuu ) jedhamu. Akka Silberman(1996) jedhuti maleen damaqinaan barachuu 101 taha kanneen baratoonni damaqinaan barnoota darbu keesti akka qooda fudhatan taasisan jiru.
    Si’aayinni kanneen barachuu baratootaaf guumaacha kennan keesaa isa tokko dha.Si’aayina jechuun humna ofiin barachhu baratootaa ariifachiisuu ykn daangesu dha.Akakuun si’aayinaa kan alaas thae kan keesaa barachuu baratootaaf faaydaa mataa isaanii waan qabaniif barsiisaan wayata barsiisu xiyyeefannoo itti kennuu qaba
    Walumaagalati dhimoota dandeetii barachuu baratootaa fi malleen barsiisuu furmaata kennuuf siaayina barataan qabu xiyyefachaa adeemuun yaada hidamoota barachuu hojiira oolchuuf daandii kan saaqu waantaheef barsiisaan dhimoota sadan kanaatif iddoo olaanaa kennuu qaba. Hiika jechootaa/Glossary
    Jechoonni muraasni boqonnaa kan keesati hubanoo keesan cimsan hiika barabaadan akka armaan gadii ti dhiyaataniiru
    Damaqinaan barachuu : safisaan, fedhinaan, deegarsaa xiqaan kan baratoonni kallatiin baranoota barchaa jiran keesati hirmaachuun itti baratani dha.Barachuun damqinaan raawatama yoo jedhamu baratoonni hojii irra jireessa ofiin ni dalaguu jechuu dha.Sammuu isaanii,yaada isaanii fi yeroo isaanii fayadamanii barachuu isaanii ofiin mirkaneefachaa kan itti baratani dha.
    Malleen damaqinaan barachuu : tooftaalee baratoonni adeemsa baruu barsiisuu daree keesati gageefamaa jiru keesati ofii isaanii akka qooda fudhachaa akka baratan kan carraa kan kennani dha.
    Akkataa barachuu: Akaataa barataan tokko qabiyee barnootaa tokko caalmaati itti barchuu danda’u dandeetii addaa inni qabu kan ibsu dha. Fkn dandeetii agareen,dhageetiin ykn qaam sochiin barachuu..
    Mala barsiisuu: tooftaa barsisaan adeemsa barsiisuu daree keesati gageefamaa jiru tokko ittiin fayadamu dha.
    Malleen baruu barsiisuu boqonna kan barsiisuuf ooolan/ Approaches/ Methods/ Strategies
    Malleen baruu fi barsiisuu hirmannaa baratootaa mirkaneesan boqonnaa kana keesati hojiira ni oolu.Haala kanaan boqonaa kana barsiisuuf malleen damaqinaan barachuu kanneen akka samuu si’eesituu,od ibsa boqotaa,gaafii fi deebii,marii garee,mala piraamidii,gahee taphachuu,gareen walbarsiisuu ,diraamaa, fi kkf ni isaan muraasa dha.
    Gochaalee barataa fi barsiisaan akka dlagan irraa eegaman
    A. Gahee barataa/Learners’ Activities
     Yeroo hund barnootarati argamuu
     Dhuunfaatis tahe garee keesati hirmaannaa ho’aa taasisuu.
     Dhimoota ibs abal’aa barbaadan irrati gaafii gaafachuu
     Yaadannoo mataa issaa tahe qopheefachuu qabachaa adeemuu
     Hojii dhuunfaatii dalagamu qabu irrati hirmaaachuu
     Yaalii kename irrati yaada waliigala irra gahemeen sirressfachha adeemuu
     Gabaasa gareen,dhunfaatiin dhiyaate qindeesuun kaa’uu.

B.Gahee barsiisaa/haala mijeesaa/ Facilitator’s Activities
 Qaphii ijoo tahe irrati ibsa kenuu.
 Malleen damaqinaan barachuuti fayadamuun baratoota qooda fudhachiisuu
 Baratoonni dhuunfaatin ykn gareen qabiyyee sana akka baratan carraa kennuu
 Qaphxiilee baratootaa dalagsiisan bifa projectii,abbaltii qopheesuun kennuu
 Fedhii fi qabatam baratoonni qaban adda baafachaa deemuu
 Hordifiifi to’annoo dalagaa bartootaa irrati taasisuu
 Qajeelfama ifa thae gocha kennamu maraatiif kennuu
 Akka baratoonni damaqinaan hirmaatan ykn yeroon xumuran sisi’eesuu
 Hojii baratootaa ulaagalee qopheesuun madaaluu fi yeroon duubdeebii kennuu
.
Mala madaallii /Assessment Techniques
Akkuma beekamu madaaliin waliti fufaa dandeetii baratootaa adda baafachaa adeemuuf dhima filannoo biraa hinqabne dha.Kanaafuu tooftaalee madaalii waltifufaa kan tahan kanneen akka daawannaa,gaafii afaanii,of-madaaluu,madaallii miiltoo,madaallii garee,fi kkf fayadamuun ni danda’ama. Itti dabaluun abbaltii,projectii fi battallee kenuun odeefannoo wa’ee dandeetii baratoota ittiin sakata’ama.
References
Alberto, P.A. & Troutman, A.C. (2003). Applied behaviour analysis for teachers (6th edn). Upper Saddle River, NJ: Merrill-Prentice Hall.
Brooks, J. and Brooks, M. (1993). In Search of Understanding: The Case for Constructivist Classrooms, ASCD
Brophy, J. (2001). Motivating students to learn. Boston: McGraw Hill.
Frieman, J. (2002). Learning and adaptive behaviour. Belmont, CA: Wadsworth.
Gredler, M.E. (2001). Learning and instruction: Theory and practice (4th edn). Upper Saddle River, NJ: Merrill Prentice Hall.
Gredler, M.E. (2001). Learning and instruction: Theory and practice (4th edn). Upper Saddle River, NJ: Merrill-Prentice Hall.
Hill, W. (2002). Learning: A survey of psychological interpretations (7th edn). Boston: Allyn & Bacon
McCarty, H. & Siccone, F. (2001). Motivating your students. Boston: Allyn & Bacon.
McInerney, D. & McInerney, V. (2002). Educational psychology: Constructing learning (3rd edn). Sydney: Prentice Hall.
Minke, K.M. & Bear, G.G. (2000). Preventing school problems: Promoting school success. Bethesda, MD: National Association of School Psychologists.
Newton, D.P. (2000). Teaching for understanding: What it is and how to do it. London: Routledge-Falmer.
Schunk, D.H. (2003). Learning theories: An educational perspective (4th edn). Upper Saddle River, NJ: Prentice Hall.
Slavin, R. (2003). Educational psychology (7th edn). Boston: Allyn & Bacon.
Thorkildsen, T.A. & Nicholls, J.G. (2002). Motivation and the struggle to learn: Responding to fractured experience. Boston: Allyn & Bacon.

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.