Application of Media and Information Technology in Primary Schools – TECS 341

MIIDIYAA BARUU-BARSIISUUFI
TEKNOLOJII ODEEFFANNOO QUNNAMTII

Instructional Media and
Information Communication Technology (IMICT-341)

Qopheessitoonni:
Ayyalaa Lammaa Nageessoo Ismoo Abdulhayyi Awwal Dassee Hurrisaa
KBB Roobee

Biiroo Barnoota Oromiyaa

Fulbaana, 2008
Finfinnee
I. Ibsa Koorsichaa

Galmi barsiisuu barachuu barattootaatiif haala mijeessuudha. Barachuun kan milkaahu barsiisonni muuxannoo dhugaa, qabatamaa, hiika qabeessaa fi hawwataa barattoota isaanitti dhiheessuun akkasumas teknolojii ammayyaa kan akka TOQ wajjiin qindeessuun yoo barsiisaniidha.

Muuxannoo kana keessatti barattoonni ilaaluun, dhagayuun, tuttuquun, dandhamuun, suufuun, gochaalee shaakaluufi hojjechuun barachuu qaban. Bu’aan kanaa jijjiirama hiika qabeessaa fi barachuu yeroo dheeraa kan jajjabeessuudha.
Kanarraa ka’uun, koorsiin Miidiyaa Baruu-Barsiisuufi Teknolojii Odeeffannoo Qunnamtii kun kan qophaaheef kaadhimamtoonni barsiisotaa wixinee miidiyaa baruu-barsiisuu fi itti fayyadama teknolojii barnootaa akka hubatan, itti fayyadaman, omishaa fi filannoo meeshaalee baruu-barsiisuufi teknolojii barnootaa irratti gahuumsa akka qabaatan taasisuudha.
Qabiyyeewwan koorsii kana keessatti hammatamanis:
 Yaad-rimee Qunnamtii
 Maalummaa fi qoodamiinsa Miidiyaa
 Omishaa fi itti fayyadama miidiyaa baruu-barsiisuu
 Gahee TOQ barumsa keessatti
 Hojiirra oolmaa teknolojii koompiitara adeemsa baruu-barsiisuu keessatti
 Itti fayyadama intarneetii baruu-barsiisuu keessatti

Koorsiin kun Credit hours: 3 fi Contact hours: 4 kan kennamuu ta’ee barsiisota garee (team) lamaan; jechuun barsiisota peedaagoojii fi TOQ waliin ta’uun akkaatuma yeroo isaaniif ramadameen kan barsiifamuu dha.Tooftaa hirmaachisaa fi shaakala irratti kan hundaahe caalmaatti kan hojiirra oolu yoo ta’u iyyaafannaan koorsii kanaa %44 barsiisota Miidiyaa baruu-barsiisuutiin kan gaggeeffamu yoo ta’u %56 barsiisota TOQ tiin kan raawwatamu ta’a.

Baafata
Fuula
BOQONNAA TOKKO

  1. YAAD-RIMEE QUNNAMTII
    1.1. Hiikaa Qunnamtii 1
    1.2. Karaalee Ittiin Qunnamtiin Gaggeeffamu 3
    1.2.1. Qunnamtii Jechaa (“Verbal Communication”) 3
    1.2.2. Qunnamtii Miti-Jechaa (Non-Verbal Communication) 4
    1.3. Gosoota Qunnamtii 6
    1.4. Adeemsa Qunnamtii 11
    1.5. Moodeela Qunnamtii 14
    1.5.1. Moodeela Qunnamtii Aristootil (384 BC – 322 BC) 15
    1.5.2. Moodeela Qunnamtii Laasweel (“Lasswell”, 1948) 16
    1.5.3. Moodeela Qunnamtii Shaanon fi Weevar (“Shannon and Weaver”, 1948 ) 17
    1.5.4. Moodeela Qunnamtii Shiraam (“Schramm”, 1954) 19
    1.5.5. Moodeela Qunnamtii Beerloo (“Berlo”, 1960) 22
    1.6. Rakkoolee Qunnamtii Keessatti Mudatan 25
    1.6.1. Rakkoowwan Qunnamtiifi Yaada Furmaataa 27
    BOQONNAA LAMA
  2. MIIDIYAA FI MEESHAALEE BARUU-BARSIISUU
    2.1. Maalummaa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu 30
    2.2. Faayidaa fi Barbaachisummaa Meeshaalee Baruu-barsiisuu 32
    2.3. Qoqqoodama Miidiyaa Baruu-Barsiisuu 33
    2.3.1. Qoodamiinsa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Kaayyoo Barnootaa Galmaan Gahan Irratti Hundaahe 33
    2.3.2. Miidiyaalee Piroojektii Ta’aniifi Piroojektii Hin Taane 34
    2.3.3. Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Maxxansamaniifi Hin Maxxansamne 35
    2.3.4. Qoodamiinsa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Qaamota Miiraa Kakaasan Irratti Hundaahun 35
    2.3.5. Qoodamiinsa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Roga isaanii irratti hundaahuun 35
    2.4. Fiix-lamee Axareeraa- Qabatamaa [“Abstract-Concrete Continuum”] 37
    2.5. Koonii Muuxannoo Deel 38
    2.6. Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Filachuu, Qopheessuu fi Itti fayyadamuu 40
    2.6.1. Meeshaalee Baruu-barsiissuu Filachuu 41
    2.6.2. Toftaalee Qophii Meeshaalee Baruu-Barsiisufi Yaad-rimee Falaasama “TALULAR” 42
    2.6.3. Akaakuu Qabeenya “TALULAR” 45
    2.6.4. Itti Fayyadama Meeshaalee Baruu-Barsiisuu 46

PART-ONE
INSTRUCTIONAL MEDIA

BOQONNAA TOKKO

  1. YAAD-RIMEE QUNNAMTII

1.1. Hiikaa Qunnamtii

Qunnamtiin gochaawwan hedduu dhala namaa, kanneen akka, dubbisuu, barreessuu, dhaggeeffachuu, dubbachuu, fakkii ilaaluu, mallattoolee/fakkii uummu fi kkf hammata. Kana malees, qunnamtiin itti yaadunis ta’ee, osoo itti hinyaadin/akka tasaa, karaalee adda addaatiin, fkn, sochii qaamaatiin (haala dhaabbiitiin, ibsa fuulaatiin, sochii harkaatiin), sagaleen ni gaggeeffama.

Hayyoonni gara garaa muuxannoo fi fedhilee garagaraa isaanii irratti hundaa’uun qunnamtii karaalee garagaraatiin hiiku. Ruben (1984) qunnamtiin oddeeffannoo yaad-qalbii (“behavior”) waliin walqabatu/ walitti dhufeenya qabu kamiiyudha, jechuun ibsa. Dale (1969) qunnamtiin gochaa yaada fi miira (feelings) waljijjiruuti jedha. Berelsonfi Steiner (1964) Mallattoolee (symbols) gargaaramuun tatamsa’uu odeeffannoo, yaadotaa, currisaa, ogummaa fi kkf fa’i. Haaluma walfakkaatuun, Theodorson and Theodorson (1969), qunnamtiin odeeffannoo, yaadota, ilaalchota ykn currisa nama ykn garee tokko irraa gara birootti mallattoolee (“Symbols”) keessaan darbuudha jechun ibsu.

Akka waliigalaatti, qunnamtiin adeemsa namoonni hubannoo ykn odeeffannoo waliinii/walfakkaataa ta’e qabaachuuf jecha yaadota uumuufi waljijjiruuti. Kana jecuun immoo, namni tokko odeeffannoo bu’aa qabeessa irra gahuuf namni lammaffaan/biraa jiraachuun dirqama ta’uu dhiisuu nidanda’a. Sababni isaa, namni kophaa isaa quunnamtii gaggeessuu nidanda’a waan ta’eefiidha. Kunis, namni tokko ofiisaatii gaafii uumee/kaasee ykn waan gaafii itti ta’e tooko matuma isaatiin xinxaluun yaada furmaataa irra gahuu nidanda’a. Qunnamtiin namni matuma isaa wajiin qofa gaggeessu kun qunnamtii sadarkaa dhunfaa (Intrapersonal) jedhama.

Karaa biraatiin, qunnamtiin nammoota lamaafi sanaa ol gidduuttis nigaggeeffama. Karaalee garagaraatiin odeeffannoo/yaadota uumuufi hiruun/tamsaasuun ni danda’ama. Fakeenyaaf, karaalee, barreffamaan, dubbiin, miidiyaa sabqunnamtiin, sochii qamaatiin, mallatoolee garaagaraa fi kkf faa’iin ergaa dabarsuun nidanda’ama.
1.2. Karaalee Ittiin Qunnamtiin Gaggeeffamu

Qunnamtiin karaalee garagaraatiin gaggeeffamuu danda’a. Qunnamtii karaa jechaa (Verbal) fi miti-jechaa (Non-Verbal) ta’een gaggeessuun nidanda’ama. Qorannoo taasifameen qunnamittin namoota gidduutti gaggeffamu harki caalaan karaa miti-jechaan kan gaggeeffamuudha.
1.2.1. Qunnamtii Jechaa (“Verbal Communication”)

Qunnamtii bifa dubbii (haasawa) afaaniitiin yookin barreeffamaan taasisnuudha.

Qunnamtii Dubbii/Haasawaa (Oral Communication): fakkii yookin yaada sammuu keenya keessatti uumame tokko karaa ittiin qunnamsiisnuudha.Dubbiin/haasawaan yaada yeroo ibsinu jechoota sirriitti yaadicha bakka bu’u fayyadamuun barbaachisaadha. Adeemsa qunnamtii afaaniin taasifamu keessatti bu’aa qabeessummaa qunnamtichaa guddisuuf haala dhaamsa fudhattootaa hubachuun jechoota muuxannoo, adaa fi afaan isaanii waliin deemu filachuun murteessadha. Dabalataanis, wanti dhagahamu dafee irranfatama waan ta’eef tooftaalee miti-jechaa fayyadamuun milkaa’ina qunnamtichaa cimisa.
Qunnamtii Barreeffamaa (“Written Communication”): tooftaa barreeffamoota adda addaatiin gaggeessamuudha. Dhaamsi barreeffamaan darbu kan dubbii afaanii caalaa yeroo dheeraaf kuusamee taa’uu danda’a. Qunnamtiin barreefamaa bifoota garaagaraa qaba. Xalayaa hiryaa irraa kaasee hamma barruulee fi kitaabotaa kan jiru hamata.Gossoota bifa qunnamtii barreeffamaa muraasa akka armaan gadiitti ilaaluun nidanda’ama. Isaanis:
 Xalayaalee
 Qajeelfamootaa fi danbiiwwan
 Gabaasota
 Gucoota fi gaaffannowwan
 Moojuula
 Poostaroota
 Gaazexaawwaa
 Kitaabilee fi kkf.
1.2.2. Qunnamtii Miti-Jechaa (Non-Verbal Communication)

Qunnamtii dubbii/haasawa afaaniin fi barreeffaman malee gaggeeffamuudha. Karaa biraatiin qunnamtii jechaan malee raawwatamuudha. Meeshaalee adda addaa fayyadamuun odeeffannoo dhimma ta’ee nidabarsu. Fakkeenyaaf, mallattoo jiraachuu nyaataa, dhugaatii fi kkf meeshhalee adda addaa fayyadamuun mul’suu. Haala/akkaataa uffannaatiinis jechaan malee qunnamtii gaggeessuun nidanda’ama.

Dabalataanis, malattoo yookin sochii adda addaa qaamaan taasisuun qunnamtiin nitaasifama. Kutaalee qaamaa keenyaa adda addaa sochoosuun/ mallattoo agarsiisuun dhaamsa nidabarsina. Maata sochoosuun, ibsa fuulaatiin, ijaan, haala dhaabiittiin, haala taa’umsaatiin, haala deemsaatiin, sochii harkaa fi kkf.
Ka’umsaaf, fakkiilee armaan gadii ilaali.

                        .                                     
                                Fakkii 1: Ifni fuulaa, fedhii calqqisiisa


                                Fakkii 2: Mallattoo  harkaa  

1.3. Gosoota Qunnamtii

Haala qunnamtiin itti gaggeffamu irratti hundaa’uun gosoota qunnamtii bakka afuritti hiruun nidanda’ama. Jechoota birootiin, adeemsa qunnamtii keessatti baay’ina (lakkoofsa) hirmaattotaa/qooda fudhattootaa irratti hundaa’uun qunnamtii akka armaan gadiitti qooduun nidanda’ama. Kaayyoo qunnamtii milkeessuuf gosoota qunnamtiilee kanneen adda baafachuun ogummaa isaa qabaachuun barbaachisaa ta’a. Isaanis:

A.Qunnamtii dhuunfaa (Intrapersonal)
Qunnamtiin gosa kanaa kan namoonni dhunfaatti, mataa isaanii waliin taasisaniidha. Namoonni dhuunfaa isaanitiin waan itti dhagamu tokko hubachuuf kan ofuma/mataa isaanii waliin qunnamtii gaggeessaniidha. Fakkeenyaaf, yeroo mata duree kana barachaa jirtanitti, qabiyyicha hubachuuf xinxalliin dhunfaan taasisaa jirtan qunnamtii sadarkaa dhunfaati. Qunnnamtiin dhuunfaa waan gaafii nutti ta’e tokkoof ofuma keenyaaf deebii irra akka geenyuuf nu gargaara. Akkasumas, of baruuf, ciminaa fi hanqina ofii adda baasuuf, gosti qunnamtii baay’ee barbaachisaadha.
Qunnamtiin dhuunfaa gosoota qunnamtii birootiif bu’uuradha. Namoota kan biroo waliin osoo qunnamtii hingaggeessin dura dhimmicha ofii keenyaa dursinee akka hubannu nugargaara waan ta’eef. Adeemsa qunnamtii namoota biroo wajjiin gaggeessinu keessatti rakkoo madda (source) wajjiin walqabtan ni xiqqeessa.

                    Fakkii 3: Qunnamtii dhuunfaa   

B. Qunnamtii nam-gidduu (Interpersonal)
Gosti qunnamtii kun yeroo nama/namoota biroo, hiryaa/oota kee waliin fuulaa fuulatti yookiin tooftaa birootiin wal arguun walqunnamuuti. Jireenya keenya guyyaa guyyaa fi hariiroo hawaasummaa cimsuuf barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, ganama yeroo kaatu maatii, ollaa fi kkf. nagaha ni gaafatta. Iddoo hojiitti, hiriyoota, barsiisaa keetiin walqunnamta. Gosti qunnamtii kun namoota biroo beekuufi akkasumas of ibsuuf gargaara.

Fakkii 4: Qunnamtii nam-gidduu

C. Qunnamtii Garee (“Group Communication”)
Sadarkaan qunnamtii kun dhimma waliiniitiif walitti qabamiinsa/gurmaa’ina namootaa ilaallata. Fakkeenyaaf, jiraattonni ganda tokkoo dhiqama biyyee hambisuu, biqiltuu dhaabuu fi kununsuuf gareen mari’achuun socho’uu danda’u. Barattoonni dhimma waliiniitiif walitti gurmaa’uun barsiisaa qunnamuu danda’u. Adeemsa qunnamtii garee keessatti, jalqaba haala waliigalaa fi adeemsa raawwii isaanii irratti, gaggeessaa yookin dursaa garichaa irraa qajeelfama argachuun barbaachisaadha.

Fakkii 5: Qunnamtii Garee

D. Qunnamtii Ummataa: gosa qunnamtii, ummata lakkofsaan hedduu ta’an, kumaatamootattii fi miliyoonootaatti lakka’amaniif dhaamsi darbuudha. Ergaa fudhattootaaf fuula fulattis ta’ee, akkasumas, karaa miidiyaa sab-qunnamtii kanneen akka raadiyoo, televizyiina fi teknolojii birootiin tamsaasuun/ dabarsuun ni danda’ama.

Fakkii 6: Qunnamtii Ummataa

1.4. Adeemsa Qunnamtii

Qunnamtiin adeemsa qaamota adda adda keessa darbu qaba. Tokkoon tokkoo isaanii milkaa’ina qunnamtiitiif muteessoo waan ta’aniif qaamota ademsa qunnamtii kanneen hubachuun sirriitti itti fayadamuunbarbaachisaa ta’a. Qaamonni adeemsa qunnamtii kunniinis:

 Madda(source)
 Ergaa (Message)
 Miidiyaa/Chaanaalii
 Ergaa fudhataa (Receiver)
 Duub-deebii (feedback) dha.

        Fakkii 7: Adeemsa Qunnamtii

Madda (“Source”): Odeeffanoo, yaada, muuxannoo, currisa/emotions, fakkii fi kkf adda baasee qopheessee, bifa darbuu danda’utti jijjiree qaama ergaa fudhatuuf kan dabarsuudha.Maddi maal akka qunnaamsiisu/dabarsu fi maaliif akka barbaachise dursee beekuun milkaa’ina/bu’aa qabeessummaa qunnamtichaaf murteessaadha. Dabalataanis, maddi fakkii/yaada sammuu isaa keessatti uumame sana bifa ergaa fudhataan hubachuu danda’utti jijjiruu qaba. Jecha biraatiin gara mallattoo(symbol) dhaamsa fudhataan hiikkachuu danda’utti jijjiruun qopheessuu dabarsuu qaba.

Ergaa/Dhaamsa: Oddeffannoo maddi qunnamsiisuuf/dabarsuuf yookin hiruuf deemuudha. Ergaan yoo hinjiraatu ta’e maddii fi ergaa fudhataan qunnamtii gaggeessuu hindanda’an.

Miidiyaa/Chaanaalii: Odeeffanoon bifa darbuu danda’utti erga jijjiramee booda mala/karaa ittiin dhaamsicha qunnamsiisnuudha. Kunis karaa hedduun tamsa’uu danda’a: fuulaa fuulatti waliin haas’uu, barraffamaa/barruulee, bilbila, televizyiina, suuraa/fakkii, fayyadamuun nidanda’ama. Karaa biraatiin, harkaan tuquun, sochii qaamaatiin haala dhaabbiin, haala uffannattiin fi kkf dhimma bahuun nidanda’ama. Dhaamsi qunnamtii akaakuu midiyaa filatamuu nimurteessa.

Ergaa fudhataa: Qaama odeeffannoon madda irraa darbuufiidha. Jecha biraatiin, qaama odeeffannoo maddaa irraa fudhatee hiika itti kennuudha. Dhaamsa fudhataan ergaa/mallattoo madda irraa darbu sirriitti fudhachuun hiika itti kennuu qaba. Hiikni ergaa fudhataan uummatu kan maddaa waliin yoo walisime walhubannaan ni uummama; haalli akkanaa adeemsa qunnamtichaa gahumsa qabeessa taasisa. Kanaaf, ergaa fudhataanis, akkuma maddaa ogummoota qunnamtii qabaachuu qaba.
Duub-deebii (“Feed-back”): Adeemsa qunnamtii fi ykn qabiyyee dhaamsa qunnamtii irratti yaada ergaa fudhattoonni kennaniidha ykn calaqisiisaniidha. Duub-deebiin karaa jechaan (verbal) yookiin (miti-jechaan) ibsamuu danda’a. Duub-deebiin gahumsaa/milkaa’ina adeemsa qunnamtii tokkoo hubachuuf gargaara. Ergaa fudhattoonni hammam dhaamsicha/ergaa akka hubatan beekuuf madda gargaara. Maddi ciminaa fi hanqina qunnamtii keessatti uumame akka addaan baafatu fayyada. Dabalataan, duub–deebiin adeemsa qunnamtii, bifaa fi tooftaalee malattoon ergaa ittiin darbu fooyyessuuf garaara.

1.5. Moodeela Qunnamtii

Moodeelli taateewwan/dhugaawwan addunyaa uumama isaanitiin argachuu fi ibsuu hin dandeenye tooftaa ittiin qayyabannuudha.Moodeelli qunnamtii yaad-rimee qunnamtii baldhaa fi walxaxaa ta’e tokkoo bifa salphaa ta’een kan mul’suudha. Kana jechuun,moodeelli qunnamtii yaad-rimee qunnamtii baldhaa ta’e tokko qamota ijoo adda baasuun adeemsa qunnamtii bifa fakkiitiin(graph) kan agarsiisuudha. Moodeelli qunnamtii ruqaalee ijoo adeemsa qunnamtii adda baasuun, walitti dhufeenya/walitti hidhamiinsa tokkoon tokkoo isaanii (ruqaalee/qamolee) kan mul’suudha.

Akkuma hikaan qunnamtii garaagara ta’e, moodeelli qunnamtiis adda addaadha. Kunis, hayyoonni garaagaraa muuxannoofi ilaalcha mataa isaanii irratti hundaa’uun modeelota adda addaa uumu waan ta’eef. Haaluma kanaan modeelonni qunnamtii garaagaraa armaan gaditti ibsamaniiru.

1.5.1. Moodeela Qunnamtii Aristootil (384 BC – 322 BC)

Moodeelli qunnamtiitiif Aristootil ka’umsa yaad-hiddamoota qunnamtii. Jecha biraatiin, moodeelli qunnamtii kun, qo’annoo qunnamtii fi modeelota qunnamtii birootiif bu’uuradha. Aristootil yaad-rimee qunnamtii/moodeela qunnamtii akka fakkii-8 irratti agarsiifametti kaaraa qaamolee/ruqalee sadiin ibsa. Akka Arsitootilitti, qunnamtiin gaggeessamuuf namni dubbatu, wanti inni dubatu fi namni dhaggeefatu jiraachuun dirqama. Qunnamtiin odeeffannoo, muuxannoo, ogummaa fi kkf, dubbii afaaniin dabarsuu ture.

Moodeelli Aristootil kan madda (source) giddugaleessa godhateedha. Ergaa, adeemsa fi galtee qunnamtichaa kan murteessu madda. Akka yaada Aristootilitti, dubbataan (maddi) dandeettii haasa’aa/dubbii, beekkumsa, taayitaa, fi ofitti amanamummaa qabaachuun milkaa’ina qunnamtichaa ol kaasa(Amare,2000). Moodeelli Aristootil dhaloota isaatii kaasee, 300 DHKD, hanga ammaatti ogummoota garaagaraa keessatti hojjirraa oolaa jira.

                                Fakkii 8: Moodeela Qunnamtii Aristootil

1.5.2. Moodeela Qunnamtii Laasweel (“Lasswell”, 1948)

Moodeelli Lasweel ergaa afaaniin/dubbiin darbuu irratti xiyyeeffata. Jecha biraatiin ergaa gochaa afaaniin gaggeeffamu irratti hundaa’a. Ergaan darbu afaaniin/dubbiin ta’uun isaa moodeela Aristootiliin walfakkeessa. Tatamsa’ina ergaa dubbii afaanii/haasawaatiif, miidiyaan/meeshaaleen gara garaa nibarbaachisu. Kanaaf, moodeelli kun qunnamtii miidiyaa sab-qunnamtiin gaggeessamuuf moodeela jalqabaa kan te’eedha.

Lasweel moodeela qunnamtii qaamolee shan qabu bifa gaafannootiin mul’isa. Kunis, akkaataa armaan gadiitti kan dhiyaateedha.

Eenyu? (Who?) Dubbataa
Maal jedhee? (Says What?) Ergaa
Miidiyaa kamiin? (In what Channel?) Channel
Eenyuuf? (To whom?) Dhaggeefataa
Jijjirama maaliif? (With what Effect?) Galtee

Moodeela kana bifa biraatiin aka itti aanuttis mu’isuun ni danda’ama.
Fakkii 9: Moodeela Laasweel

1.5.3. Moodeela Qunnamtii Shaanon fi Weevar (“Shannon and Weaver”, 1948 )

Shaanonii fi Weevar moodeela qunnamtii, akkaataa odeeffannoon miidiyaalee, akka televizyiinii fi bilbilaa keessaan daddarbu/tamsa’u irratti hundaa’uun wixineessan. Moodeela tamsaasa oddeeffannoo jedhamees ni waammama. Moodeelichi qaamota adda addaa, kannen akka, tamsaastuu (“Transmiter”), Malattoo ergaa(““Signal””),madda waca (“Sources of Noise”) fi guurtuu(“receiver”), kan moodeela Aristootil keessa hinjirre beeksisee jira.

Fakkii 10: Moodeela Qunnamtii Shaanon fi Weevar

Maddi qunnamtii uumaa/qopheessaa ergaa, yoo ta’u, tamsaastuun ergicha gara bifa/malattoo (“Signal”) tamsa’uu danda’utti jijjira. Mallattoon (“Signal”) qabiyyeen qunnamtii/ergaan gara bifa miidiyaan darbuu/tamsa’uu danda’utti jijjiramuuti. Fakkeenyaaf, ergaan dubbiin bilbilaan nama biroof dabarsinu gara Karantii Elektirikawaatti jijjiramuun, gurtuu(bilbila) ergaa fudhataa bira gaha.

Guurtuun qaama miiraa yookin midiyaa biroo ta’ee, mallattoo (“Signal”) ergaa gara bifa hubatamuu danda’utti kan jijjiiruudha. Bilbila fayyadamtee nama biroof yammuu ergaa dabarsitu bilbilli nama ergaa fudhatuu guurtuudha. Bilbilli kee immoo tamsaastuudha. Karaa biraatiin, bilbila malee, dubbima afaaniin ergaa dabarsama yoo ta’e guurtuun gurra ergaa fudhataati. Afaan egaa dabarsaa immoo tamsaastuu ta’a. Wacni qunnamtii qabattoota ergaan/malattoon ergaa akkaataa barbaadamutti akka hin tamsaane yookin ergaa fudhataa akka hin qaqqabne taasisaniidha.

Moodeellichi madda giddugaleessa kan godhateedha. Maddi ergaa ofiisaatii uume/qopheesse adeemsa gar-tokkee(“one way”) ta’een ergaa fudhataaf dabarsa. Moodeela kana keessatti waljijjirran yaadaa maddaa fi ergaa fudhataa gidduutti hin taasifamu. Ergaan maddaan qophaa’e akkaataa barbaadamuun akka waan ergaa fudhataa biratti haaluma walfakkaatuun(haala maddi yaadeen) hiikkamutti ilaallama. Haat’u malee, ergaa fudhattoonni muuxannoo fi fedhii isaanii irratti hundaa’uun hiika mataa isaanii ijaarratu waan ta’eef, akkaataa maddii yaaduun ergichi hubatamuu dhiisuu danda’a.

1.5.4. Moodeela Qunnamtii Shiraam (“Schramm”, 1954)

Shiraam, hayyuu qunnamtii akka gosa barnoota tokkootti of dandeessisee qo’achuu jalqabeedha. Moodeelichi adeemsa qunnamtii keessatti muuxannoo ergaa fudhattootaa gidduigaleeffachuun wixineessame. Dabalataanis, moodeela adeemsa qunnamtii gar-lamee (“two-ways”) yeroo jalqabaaf mul’iseedha. Moodeelli Shiraam akka armaan gadiitti agarsiifamaniira.

Fakkii 11: Moodeela Qunnamtii Shiraam

                                                                  Hiika/Decoder





        Ibsa/Encoder              Naannoo muuxannoo waliinii 
                                                   (“Common Experience”)

Akka moodeela kanaatti, maddii ergaa qindeessee kan dabarsu muuxannoo mataa isaa fi ergaa fudhattootaa walitti fiduun. Ergaa fudhattoonnis ergaa darbuuf kan hiikatan/hubatan muuxannoo duraan qaban irratti hundaa’uun. Maddi ergaa yeroo qopheessu/qindeessu muuxannoo mataa isaa qofa irratti hundaa’uun osoo hintaane, muuxannoo, beekkumsaa fi fedhii ergaa fudhattootaas xiyyeffannoo/hubannoo keessa galchuu qaba.

Jecha biraatiin, ergaan qindaa’uu fi darbu kan muuxannoo, hubannoo fi ilaalcha maddaa qofa calaqqisiisu ta’uu hin qabu. Kunis, milkaa’ina adeemsa qunnamtichaa irratti dhiibbaa waan qabuuf. Ergaan maddaan darbu muuxannoo, hubannoo fi fedhii ergaa fudhattootaa waliin wal hin simu yoo ta’e, fudhatamummanii fi hiika qabeessummaan ergichaa yarachuu danda’a. Kanaaf, akka moodeela kanaatti ergaan maddaan qophaa’u kan muuxannoo ergaa fudhattootaa giddugaleessa godhate ta’uu qaba. Moodeelichi giddugaleessummaa muuxannoo maddaa fi ergaa fudhattootaa irratti yoo xiyyeefateeyyuu gar-tokkeedha (“one way communication”). Jecha biraatiin duub-deebiif iddoo hinqabu.

Moodeelli Shiraam, kan biroo immoo, kan gar-lamee (“two-ways”) ta’eedha (fakkii 12) ilaali. Moodeelli kun hiramaachisaadha /duub-deebiif carraa kan kennuudha. Maddaa fi ergaa fudhataa gidduutti qunnamtiin waljijjirraa yaadaa/hubannoo taasifamuun gaggeeffama. Adeemsa gaggeessamuu keessatti maddii fi ergaa fudhataan haala dimokraatawaa ta’een walqunnamu. Maddii fi ergaa fudhattoonni gahee walfakkaataa taphatu. Kana jechuun, maddi yeroo itti gahee ergaa fudhataa qabatutu jira. Akkasumas, ergaa fudhataan yeroo itti gahee maddaa qabatutu jiraata.

Fakkii 12: Moodeela Qunnamtii Shiraam

Akka Shiraamitti qunnamtiin adeemsa waljijjirraa yaadaa maddaa fi fudhattuu gidduutti hubannoo waliinii (“common understanding”) uumamuuf gaggeessamuudha. Kanaaf, maddii fi ergaa fudhattuu/taan hubannoo waliinii uumuuf, walhubannan (“mutual understanding”) haala marsaa ta’een qunnamtii raawwatu.

1.5.5. Moodeela Qunnamtii Beerloo (“Berlo”, 1960)

Moodeelli qunnamtii Berloo gar-tokkee ta’uu isaatiin, modeelota duub-deebii hinqabne birootiin yoo walfakkaateyyuu, haala adda ta’een kan dhiyaateedha. Kunis, moodeelli Beerloo qaamota adeemsa qunnamtii fi hariiroo isaan agarsiisuu qofa irratti kan xiyyeeffatu osoo hintaane, qabattoota tokkoon tokkoo qaamota (madda, ergaa, chaanaalii/guurtuu fi dhaamsa fuhataa/tuu) adeemsa qunnamtii keessatti hammatamuu danda’anii kaa’a. Qabattoonni milkaa’ina qunnamtichaatiif barbaachisan qaamota adeemsa qunnamtii afran: madda, ergaa/dhaamsa, chaanaalii/guurtuu fi dhaamsa fudhataa/tuu jalatti (akka fakkii 13) tarreessamaniira.

      Fakkii 13: Moodeela Qunnamtii Beerloo

Adeemsa qunnamtii keessatti qabattoonni gahumsa maddaa (“source”) tiif barbaachisam haaluma walfakaatuun dhaamsa fudhattootaafis barbaachisoodha. Milkaa’ina qunnamtii gaggeessamuuf ogummaan qunnamtii, beekumsii fi ilaalchi qajeelaan qaamota lamaanifuu (maddaa fi dhaamsa fudhattootaaf) murteessoodha. Bifuma walfakkaatuun, haalli qunnamtiin keessatti gaggeeffamu aadaa fi haala hawaasummaa ergaa fudhattootaa xiyyeeffannoo keessa kan galchu ta’uu qaba.

Qunnamtii taasifamu keessatti qabattoonni raawwii maddaa murteessan kanneen armaan gadiiti. Isaanis:
A. Ogummaa qunnamtii: Fakkeenyaaf: dandeettii yaaduu, barreessuu, kaasuu, dubachuu fi kkf faa’i. Jecha biraatiin, dandeettii dhaamsa akkaataa fi bifa barbaadamuun qoheessuu fi dabarsuu (“encoding”), akkasumas, hiikuuti (interpreting).

    B. Ilaalcha dhaamsa fudhattootaaf, qabiyyee qunnamsiisaa jiruuf/tuuf, mataa isaa/ishiif fi wantoota biroo haala qunnamtichaa waliin walqabee jiru.

   C. Beekumsa: fakkeenyaaf, beekumsa maddi qabiyyee qunnamtii, dhaamsa fudhattootaa, afaan, itti fayadama meeshaalee, fi kkf. irratti qabuudha.

    D. Haala hawaasummaa: hawaasa keessa jiraattuu, garee waliin jiraatamu, dug-duubee hawaasummaa isaa/ishii fi kkf. 

Qabattoonni armaan oliitti tarreeffaman kunniin haaluma walfakkatuun gahumsa ergaa fudhattootaa irrattis dhiibbaa nitaasisu. Fakkeenyaaf, ogummaa qunnamtii ilaalchisee dandeettii yaaduu, dubbisuu, dhaggeeffachuu fi tuttuquu (“decoding”), akkasumas, hiikuu (“interpreting”) fi kkf.

1.6. Rakkoolee Qunnamtii Keessatti Mudatan

Adeemsa qunnamtii keessatti qabattoottonni milkaa’ina qunnamtichaa irratti dhibbaa geessisan hedduutu jiru. Qabattoonni kunis, madda, miidiyaa, ergaa fudhataa fi haala qabatamaa qunnamtiin keessatti gaggeeffamu wajjiin kan walqabataniidha.

Rakkoowwan qunnamtii keessatti dhala namaa mudatan hedduudha. Haata’u malee, kallattii adda addaatiin ilaaluun nidanda’ama. Isaanis gama madda dhaamsa, dhaamsaa fudhataa, miidiyaa fi naannoo wajjin kan wal qabatnidha.
i) Rakkoowwan madda dhaamsaa “Source” wajjin wal-qabatan
Qunnamtii gaggeessuu keessatti namni dhaamsa dabarsu rakkoowwan armaan gadii keessaa qabaachuu nimala. Fakkeenyaaf:
 Hubannoo gahaa ergaa darburratti dhabuu,
 Fedhii dhaamsa dabarsuuf dhabuu,
 Ilaalcha qajeelaa hintaane ergaa fudhattootaaf qabaachuu,
 Hanqina dandeettii afaanii, barreeffamaa fi dubbii qabachuu,
 Dhaamsa beekumsaa fi dandeettii isa fudhatutti simsiisuu dhabuu,
 Hanqinni yeroo fi leeccalloo jirachuu,
 Qophii barbaachisaa ta’e gochuu dhiisuu,
 Hubannoo gahaa naannoo fi nama dhaamsa fudhatu irratti dhabuu,
 Dandeettii miidiyaa jiranitti fayyadamuu dhabuu,
 Miidiyaa sirrii ta’e filachuu dhiisuu,
 Mallattoo sirritti dhaamsicha bakka bu’u fayyadamuu dhabuu,
 Rakkoo fayyaa qabaachuu
 Rakkoo currisaa qabaachuu (emotional problems) fi kkf dha.

ii) Rakkoowwan dhaamsa fudhataa “Receiver” wajjin wal-qabate
Qunnamtii gaggeessuu keessatti rakkoowwan nama dhaamsa (ergaa) fudhatu wajjin walqabatan keessaa:
 Fedhii dhaamsa fudhachuuf dhabuu,
 Ogummaa mallattoo qunnamtii hiikkachuu(decoding)dhabuu,
 Ilaalicha gaarii madda dhaamsaaf dhabuu,
 Qophii dursamee taasifamu qabu raawwachuu dhabuu,
 Dandeettii miidiyaa jiranitti fayyadamuu dhabuu,
 Ogummoota qunnamtii- dubbisuu,dhaggeeffachuu dhabuu,
 Rakkoo afaanii,afaan ittiin dhamsi darbu dhabuu,
 Rakkoo currisaa,
 Rakkoowwan hir’ina qaamaa wajjin wal-qabatee fi kkf dha.

iii) Rakkoowwan miidiyaa wajjiin wal qabate
Qunnamtii gaggeessuu keessatti rakkoowwan qunnamtii miidiyaa wajjin walqabataan keessaa kanneen armaan gadii muraasadha.
 Miidiyaan barbaachisa ta’e dhabamuu,
 Humni yookiin aannisaan miidiyaaf barbaachisu dhibuu,
 Rakkoowwan teeknikaa kan akka suphaa fi haaromsuu fi kkf dha.

iv) Rakkoowwan naannoo wajiiin walqabate

Haalli naannoo qunnamtiin keessatti gaggeeffamu adeemsa qunnamtii irratti dhibaa geessisuu nidanda’a. Ka’umsaaf:

 Naannoo hin baratamne(haala qilleensaa)
 waca garagaraa
 Bakki gahaa ta’e dhabamuu(meeshaalee, ka’achuu fi sochiif)
 Hanqina yeroo fa’i.

Haaluma armaan olitti ibsameen, adeemsa baruu barsiisuu keessatti rakkoowwan qunnamtii barsiisaa, barataa, sirna barnootaa, miidiyaa barnootaa fi naannoo baruu-barsiisuun keessatti gaggeeffamu wajjin walqabachudhaan uumamuu nidada’u.
1.6.1. Rakkoowwan Qunnamtiifi Yaada Furmaataa

Rakkoowwan qunnamtii keessatti mudatan furuun hedduu ni’ulfaata. Haa ta’u malee; tooftaalee armaan gadiitti fayyadamuun rakkoowwan kana salphisuun nidanda’ama.
 Kaayyoo qunnamtii beekuudhaan inni dhaamsa fudhatu maal akka gochuu qabu sirriitti qabachiisuu.
 Hubannoo nama dhaamsa fudhatuu sirrii ta’e qabachuu. Beekumsa qabuu fi rakkoowwan jiraachuu malan sirriitti tilmaamuu.
 Qabiyyee dhaamsa darbu of-eeggannoon filachuu fi qindeessuudhaan salphaatti akka hubatamu gochuu.
 Miidiyaa dhaamsi ittiin darbu sirrii ta’e filachuu. Yoo danda’ame arguuf kan mijaa’u gochuu.
 Miidiyaa dhaamsi ittiin darbu sirriitti itti fayyadamuu danda’uu.
 Bu’aa qabeessummaa qunnamtii gaggeeffamu sadarkaa sadarkaatiin kaayyoo isaa wajjiin madaalaa adeemuu fi k.k.f. fayyadamuun rakkoowwan qunnamtii keessatti uumamaniif furmaata ta’u nidanda’a.

Yaada furmaataa armaan olitti eeraman adeemsa baruu-barsiisuu keessatti hojiirra oolchuudhaan gufuuwwan qunnamtii adeemsa baruu-barsiisuu salphisuu fi kaayyoo barnootaa galmaan ga’uuf qooda guddaa qaba.

BOQONNAA LAMA

  1. MIIDIYAA FI MEESHAALEE BARUU-BARSIISUU

2.1. Maalummaa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu

Meeshaaleen baruu-barsiisuu maali?
• Barnoota dareetti yaad-rimeen (theory) kennamuu qabatamaa gochuuf, kan barumsa daree akka lubbuu horatuu (godhatu), mata duree barumsichaa, kaayyoo isaaf qabiyyee isaa wajjiin walsimee barnooticha cinaa kan dhiyaatu dha.
• Meeshaalee baruu-barsiisuu akka salphaatti namootaan kan hojjetaman ykn wantootaa uummamaan argamaniidha.
• Meeshaaleen baruu-barsiisuu kaayyoo barnootaa galmaan ga’uuf barattoonni, barsiisonni fi ogeeyiin barnootaa kan ittiin tajaajilaman hundadha.

Yaad-rimeen meeshaalee deeggarsa barnootaa (“teaching aid”) jedhu yaad-rimee meeshaalee baruu-barsiisuu (“instructional materials”) bakka bu’uun tajaajilaa turee jira; ammas tajaajilutti argama. Hayyoonni yaada kana ibsan meeshaalee deeggarsa barnootaa kan jedhaman meeshaalee gosa barnootaa keessatti barnooticha ittiin gargaaruuf kan fayyadamnu kan akka fakkii, giraafii, moodeelotaa fi kkf yoo ta’u meeshaaleen baruu-barsiisuu, meeshaalee baruu-barsiisuu dimshaashaa ta’an kan akka baxxee boronqii, haqxuu, boronqii, fi meeshaalee baruu-barsiisuu isaan hafan illee of keessatti akka hammatu irratti waliigalamaa kan tureedha.

Yaadni hiikkaa “meeshaalee deeggarsa barnootaa” fi “meeshaalee baruu-barsiisuu” ilaalchisee armaan olitti dhihaate mala barsiisuu baratamaa ykn mala baruu-barsiisuu barsiisaa jiddu galeeffate keessatti bal’innaan kan tajaajiluudha. Sabani isaas barsiisaan gahee ol’aanaa adeemsa baruu-barsiisuu keessatti qabu ittiin gargaaruuf jecha meeshaalee kanniinitti dhimma waan bahuuf meeshaalee deeggarsa barnootaa jedhame.
Haata’u garuu malleen baruu-barsiisuu yeroo ammaa caalmaatti fayyadamnu malleen barataa jiddu galeeffatan waan ta’eef meeshaaleen barnootaa kan barnoota deeggaran osoo hin taane jiraachuun isaanii barbaachisaa kan ta’eefi isaanirraayyuu kan baratamuudha. Gama biraatiin yaad-rimeen meeshaalee deeggarsa barnootaa jedhu hirmaannaa barsiisaa malee hirmaannaa barattootni malleen si’aayinaan barachuu keessatti qaban kannin akka ofiin shaakaluu kan ibsuu miti.
Kanaafuu akka hayyonni akka Amaara Asgidoom fa’a ibsanitti yeroo ammaa kana yaad-rimee “meeshaalee deeggarsa/gargaarsa barnootaa” jedhu caalaa yaad-rimee “meeshaalee baruu-barsiisuu” tti fayyadamuutu irra filatamaadha.
2.2. Faayidaa fi Barbaachisummaa Meeshaalee Baruu-barsiisuu

Faayidaalee meeshaalee baruu-barsiisuun qabu heduu keessaa muraasni kanniin armaan gadiiti:
• Meeshaalee barnootaa barumsa dareetti fi dirreetti kennamuu ykn darbuu qabatamaa godha.
• Yeroo gabaabatti waan baay’ee (ergaa) baay’ee akka qabatan ni godha.
• Yeroo fi humna barsiisaa qusata.
• Barnootichi baldhaaf, gadi fageenyaan hubannoo akka argatuu godha. (Xiyyefannoo akka argatu godha)
• Barnootichi yeroo dheeraaf sammuu barataa keessaa akka turuuf akka hin irraanftamne gargaara.
• Fedha, kaka’umsa ykn si’aayina barataa keessatti uuma.
• Muuxannoo barachuu barattoonni qaban ofiin akka gabbifataniif carraa ittiin shaakalan nikennufi.
• Jijjiirama adda addaa al-tokkotti barattootarratti fiduuf nigargaaru. Kunis, jijjiiramni yaad-sammuu, ilaalchaa fi dandeettii waliin akka dhufuuf carraa nikennu.
• Waan haaraa uumuuf ni qopheessa.

2.3. Qoqqoodama Miidiyaa Baruu-Barsiisuu

MBB=Meeshaalee baruu-barsiisuu
2.3.1. Qoodamiinsa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Kaayyoo Barnootaa Galmaan Gahan Irratti Hundaahe

Meeshaalee baruu-barsiisuu keessaa tajaajila isaanii irratti hundaahun eddoo lamatti qooduu dandeenya.
Meeshaalee baruu-barsiisuu dimshaashaa (General instructional material) fi meeshaalee baruu-barsiisuu gosa barumsa murtaa’aa ykn filatamee tokko irratti xiyyeffatu (specific instructional material) kan qophaa’u dha.

  • Meeshaalee baruu-barsiisuu dimshaashaa kan jedhaman gosa barumsa hundaafi yeroo baay’ee kan itti fayyadamnu ta’ee fkn. Daree keessatti kan argaman kan akka gabatee guraachaa, baxxee boronqii, haqxuu fi k.k.f dha
  • Meeshaalee baruu-barsiisuu barumsa murta’eef qophaa’uu gosa barumsa tokkoof qofa irratti xiyyefatee kan qopha’uu dha. Mee fakkeenya lamaan armaan gadii haa ilaallu:
     Barnoota Saayinsii keessatti mata duree “qaama miirra” jedhuuf qaama mirraa sirritti kan hubachiisuu fi ibsuu fakkii, ykn suuraa harkaan namaan qopha’ee dhiyaatuu dha.
     Barnoota Hawaasaa keessatti waa’ee biyyoota addunyaa barsiisuuf kaartaa ykn Giloobitti fayyadamuu dandeenya.
    2.3.2. Miidiyaalee Piroojektii Ta’aniifi Piroojektii Hin Taane

Qoodumsa miidiyaalee barnootaa keessaa inni tokko ifa dabarsanii (pirojektii ta’uu) fi dhiisuu kan bu’uura godhatedha. Akkaatuma kanaan, meeshaaleen pirojektii kanneen ta’anii (“projected”) fi kan piroojektii hin taanee (“non-projected”) jedhamu. Meeshaaleen pirojektii ta’an fakkiin yookiin gaaddidduun isaanii iskriiniirratti kan mul’achuu danda’udha. Isaan kunis, yeroo ifni meeshaalee ifa dabarsoo ta’an keessa darbu fakkii barbaadame guddisuun yookiin xinneessuun akka mul’atu gochuudhani. Fakkeenyaaf; meeshaalee kan akka “LCD, Over head projector, slide projector, filmstrips, opaque projector” fi k.k.f dha. Gama biraanimmoo, meeshaaleen piroojektii hin taaneemmoo kanniin akka armaan olitti hin dhiyaatiinii ijaan kan ilaalaman kan akka fakkii ykn kaartaa waraqaa irratti ka’e.

2.3.3. Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Maxxansamaniifi
Hin Maxxansamne

Qoodamiinsi meeshaalee baruu-barsiisuu maxxasamuu fi dhisuu bu’uura godhachuun ni taasifama. Haala kanaan, kan maxxansaman (printed) fi kan hinmaxxansamne (non-printed) jedhamu. Meeshaaleen barnootaa maxxansaman kan akka kitaabaa, poostarii, fi k.k.f. meeshaa maxxansaan kan qophaa’an yoo ta’an kan hin maxxansamiin immoo leeccaallo argman irraa hojjetamanii tajaajila barnootaa kan kennaniidha.

2.3.4. Qoodamiinsa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Qaamota Miiraa Kakaasan Irratti Hundaahun

Karaa biraatiinimmoo meeshaalee baruu-barsiisuu qaama miirarratti sissi’eessan irratti hunda’uudhaan qooduun nidanda’ama. Isaanis:
 Meeshaalee argaa (“Visual-aids”),
 Miidiyaa dhageettii (“Audio-Media”) fi
 Miidiyaa dhageettii argaa (“Audio-visual Media”) jedhamu.

2.3.5. Qoodamiinsa Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Roga isaanii irratti hundaahuun
Meeshaaleen baruu-barsiisuu roga (“dimension”) isaa irratti hundaahuun eddoo lamatti qoodama. Haala kanaan, meeshaaleen baruu-barsiisuu keessatti tajaajila kannan rog-sadee (three dimensional) fi rog-lamee (two dimensional) jedhamanii qoodamu nidanda’u.
Meeshaalee baruu-barsiisuu
Rog-sadee Rog-lamee
Ibsa Ibsa
Aslii
(“Real objects”) meeshaalee uumaa isaanii qabatanii jiran lubbu maleeyyii fi lubbu qabeeyyii hunda hammata
Fkn. muka, biyyee, dhakaa,
bofa ykn shimbira… lubbuu qabu/du’e fi kkf Fakkii Harka namaatiin waraqaa irratti kan kaasamu sochii kan hin mul’isneedha.
Chaartii/taatoo Fakkii fi laakkoofsa walitti makuun yaada barbaadame tokko karaa ifa ta’een dabarsuuf meeshaalee agaree tajaajiludha
Moodeela ykn Fakkeetiwwan (“models”) Fakkeettiin bakka bu’oota meeshaalee aslii ti. Meeshaalee aslii guddisuun, xinneessuun yookiin wal-qixxeessuun moodeela isaa qopheessuun nidanda’ama. Meeshaalee naannootti argaman kanniin akka waraqaa, dhoqqee, muka, dhakaa, rifeensaa fi k.k.f irraa hojjetaman Ykn meeshaalee warshaa keessatti hojjetaman kanniin akka giloobii Giraafii Odeeffannoo walitti dhufeenya wantoota lama giddu lakkoofsaan jiru nimul’isa.

    Kaartaa/maappii Waraqaa diiriraarratti qaama lafaa haala salphaadhaan meeshaa agarsiisuudha
    Baxxee Agarsiisaa 

Fakkeenyaaf; baxxee boronqii, Baxxee adii, baxxee maaginaatii, baxxee shaashii fi k.k.fdha. 

2.4. Fiix-lamee Axareeraa- Qabatamaa [“Abstract-Concrete Continuum”]

Muuxannoon walqunnamtii ilmi namaa addunyaa wajjiin taasifamuufi akkaataa sammuun hiika itti kennuufi kuusu irratti hundaa’a.
 Axareeraa-qooda fudhannaa sammuu (“mental involvement”) irratti yoo hundaahu
 Qabatamaa-qooda fudhannaa fizikaalawaa ykn qaamaa (“physical involvement”) irratti hundaaha.
Muuxannoo gochaan argamu: muuxannoon qabatamaan argamu muuxannoo qooda fudhannaa sammuutiin argamu caala.
Muuxannoon dubbisuufi caqasuun argamu qabatamummaan isaa yoo xiqqaatu, muuxannoon axareeraa dabalaa adeema.

Muuxannoo Jechuun maal jechuudha?
Muuxannoon bu’aa walqunnamtii barataa fi naannoo barachuuti. Addunyaan kun gara qaamota miiraa keenyaatiin hubatama, kana jechuun muuxannoon walitti hidhama qaamotni miiraa fi naannoo barachuu innis miidiyaa jedhama. Gabatee armaan gadii akaakuu muuxannoofi miidiyaa fi qaamota miiraa Muuxannoo kana kalaquu keessatti gahee isaanii bahan kan mul’isuudha.
Dhaggeeffachuu=mallattoo afaanii + caqasuu
Dubbisuu= mallattoo afaanii + walitti fiduu
Daawwachuu= mallattoo fakkii+ilaaluu+ caqasuu
Hojjechuu= dhugaa (realia) + qaamota miiraa hunda

2.5. Koonii Muuxannoo Deel

Qacceen gubbaa koonii muuxannoo axareeraa yoo ibsu, akkaatuma gadi bu’aa deemuun qabatamummaa isaa dabalaa deema.
Itti fayyadama meeshaalee baruu-barsiisuu ilaalchisee akka Koonii Muuxannoo Deel keessatti ibsametti akkasumas qorannoon Cobun (1968) gaggeesse akka mul’isutti dhalli namaa kan barate keessaa yaadachuuf carraan inni qabu:
 %10 kan dubbise,
 %20 kan dhaga’e.
 %30 kan arge,
 %50 kan dhaga’ee fi arge,
 %70 kan dubbate fi
 %90 kan dubbatee fi hojjetedha.
Akkasumas, qorannoon kun akka mirkaneessutti dhalli namaa
 %1 karaa dhandhamuu,
 %1.5 karaa qaqqabachuu.
 %3.5 karaa fuunfachuu,
 %11 karaa dhageettii fi
 %83 karaa arguutiin barachuu akka danda’u ni mirkaneessa.

Akka “Edgar Dale” ibsutti muuxannoon dhalla namaa bakka gurguddaa sadiitti qoodama.
A. Muuxannoo Kallattiidhaan Argamu
Muuxannoon kallattiidhaan argamu, qaama miiraa hedduu fi madda duraa yookiin qabatamaa irraa argama. Kanaafuu, barattootaaf carraa hojjetanii barachuu, keessatti hirmaachuu fi itti gaafatamummaa ofiin fudhachuu waan kennuuf jijjiirama kallatti hawwametti fiduuf filatamaadha. Isaanis:
 Waan dhugaa hojjechuu
 Muuxannoo dhugaa fakkeessuu
 Dhiheessii diraamaawaa gaggeessuu fi kkf of keessatti hammata.

          B. Muuxannoo Bakka Bu’ootarraa  Argamu

Muuxannoon kallattiidhaan argamutti fayyadamuun barbachuun yoo hindanda’amne bakka bu’ootatti fayyadamuun dirqama ta’a. Kunis, muuxannoo kallattiidhaan argachuuf, rakkoowwan kanniin akka wanti barbaadame dhibuu, hedduu xiqqaa yookiin guddaa yookiin daree fiduu fi barattoota dhaqanii agarsiisuun yoo rakkina ta’u filatama. Fakkeenyaaf:
 Fiilmii, TV, ykn viidiyoo daawwachuu
 Egzibiishinii ilaaluu fi kkf Muuxannoo bakka bu’oota irraa argaman jedhama.

    C. Muuxannoo Dubbachuun Argamu

Yemmuu carraaleen armaan olitti eeraman lamaan hin argamne dubbachuudhaan waa’ee dhimma barbaadame odeeffannoo dabarsuun, ibsa kennuu fi hubannoo uumuuf jecha barattoonni akka dhagayanii baratan yaalii gochuun nidanda’ama.
Fakkeenyaaf:
 Dubbisuu
 Jechoota dhagayuu fi kkf.

2.6. Meeshaalee Baruu-Barsiisuu Filachuu, Qopheessuu fi Itti fayyadamuu

Barsiisaan tokkoo barumsa barattootaa isaaf dabarsuun dura mata duree barumsichaa addaan baasee beekuun, mata duree sanaa kaayyoo, qabiyyee barnootichaa irratti kan hundaa’ee meeshaalee baruu-barsiisuu qopheeffachuu qaba.

2.6.1. Meeshaalee Baruu-barsiissuu Filachuu

Meeshaalee baruu-barsiisuu osoo itti hin fayyadamin dura filachuun barbaachisaadha. Isaan armaan gadii kun ulaagaalee meeshaalee baruu-barsiisuu mijataa filachuu keessatti gahee ol’aanaa qabu.
Ulaagaalee filannoo meeshaalee baruu-barsiisuu:
 Kaayyoo barnootaa
 Qabbiyyee barnootaa
 Malleen baruu-barsiisuu
 Haala qabatamaa barattootaa (Fedhii, dandeettii, umrii fi muuxannoo)
 Haala qabatamaa naannoo baruu-barsiisuun keessatti gaggeeffamuu
 Haala qabatamaa barsiisaa (Beekkumsa, dandeettii, ogummaa, muuxannoo)

2.6.2. Toftaalee Qophii Meeshaalee Baruu-Barsiisufi Yaad-rimee Falaasama “TALULAR”

Meeshaalee baruu-barsiisuu yeroo jennu waan warshaatti qopha’ee gad-bu’uu qofa akka ta’eetti fudhatamee ilaalamuu hin qabu. Wantoota naannoo keenyatti argaman irraa gosa meeshaaleen barnoota barbaadamee akka barnootichaaf oluutti bifa adda addaan baasii tokkoo malee qopheessuun ni danda’ama.

Meeshaaleen barnootaa qophaa’uu mata duree, kaayyoo fi qabiyyee barnootaa dhiyaatuun wal-simee kan deemuu ta’uu qaba.

Meeshaaleen barnootaa barsiisaa qofaan qophaa’uu hirmaachisaa miti. Kanaaf barattootaa keenya irratti hirmaachisuun qophii isaani hojjiidhaan dhiyeessu gammachuun fudhachuun kakaasuu qabna.

Yaadni “TALULAR” jedhu meeshaalee baruu-barsiisuu leeccaalloo naannoo mana barumsaatti argamanirraa qopheessuu fi itti fayyadamuurratti kan xiyyeeffateedha. Haaluma kanaan, meeshaaleen barnootaa leeccalloo naannootti argamanirraa qopheessanii itti fayyadamuun nidanda’ama. Barsiisaan meeshaalee barnootaa waarshaa keessatti qopha’anii karaa qaamoota adda addaa mana barumsaatiif kennaman duwwaarratti hunda’uu hinqabu.
Jechi “TALULAR “ jedhu kun Afaan Oromootiin QNAFBFB kan jedhu yoo ta’u hiikni isaa gabatee armaan gadii keessatti kaahamee jira.

T Teaching Q Qabeenya
A And N Naannootii
L Learning A Argamutti
U Using F Fayyadamuun
L Locally B Baruu fi
A Available B Barsiisuu
R Resources

Kan jedhu yoo ta’e kunis hiikni isaa: ‘qabeenya naannootii argamutti fayyadamuun baruu fi barsiisuu’ gaggeessiidha. Yaada kanaa kan maddisiise nama ‘Aany Byers jedhamuun bara 1994 A. L. A. dhaabbata barnootaa Maalaawiitti gaalee (“phrase”) ‘Meeshaalee baruu fi barsiisuu’ (‘teaching and learning materials’) jedhu bakka buuseeti.
Kana malees, meeshaalee baruu-barsiisuu qopheessuu keessatti qabxiilee armaan gadii xiyyeeffannoo keessa galchuun barbaachisaadha.
 Meeshaaleen qophaa’an leeccalloo umurii dheeraa qaban irraa osoo ta’ee filatamaadha.
 Meeshaaleen qophaa’an meeshaalee duraan jiranitti hubannoo dabalan qabaachuu qabu.
 Qopheessuuf akka danda’amu gama humna, beekumsa, dandeettii, maallaqa, yeroo fi k.k.f. giddu-galeessa godhachuun osoo ta’ee bu’aa qabeessa ta’a.
 Dhaamsa dhugaa fi sirrii ta’e kan dabarsuu danda’u ta’ee qophaa’uu qaba.
 Salphaatti bakka tokkoo bakka kan biraatti sosocho’uu kan danda’u ta’ee qophaa’uu qaba.
 Yeroo wajjiin akka adeemutti yookiin haaromsamuu akka danda’utti qophaa’u qaba.
 Ittifayyadama barataa fi ogeeyyii barnootaa kan biroo akka hirmaachisu ta’ee qophaa’uu qaba.
 Barattootaaf argamuu fi fedhii isaanii akka hawwachuu danda’utti qophaa’uu qaba.

Meeshaalee barnootaa leeccaalloo naannootti argamaniirraa akkaataa adda addaan qopheessuun nidanda’ama. Isaan kunniinis:
 Fakkeessuun:- Meeshaalee duraan qophaa’anii jiran ilaaluun kan isa fakkaatu qopheessuun nidanda’ama.
 Fooyyessuun:- Kanneen qophaa’anii jiran xiqqeessuun yookiin guddisuun meeshaalee barbaadame qopheessuun nidanda’ama.
 Tooftaa dhuunfaa ofii fayyadamuun: Akkaataa mijaa’aa ta’een meeshaalee barbaachisoo ta’an tooftaa fi dandeettii dhuunfaa isaa gargaaramee barsiisaa fi oggeeyyiin barnootaa naannoo mana barumsaatti qopheessuun nidanda’ama.

Meeshaalee barnootaa fakkeessuu fi fooyyessuun yeroo qophaa’an tooftaalee adda addaa fayyadamuun nidanda’ama. Isaanis:
 Tooftaa giriid iskuweerii,
 Tooftaa pirojekshinii,
 Tooftaa footogiraafii (suuraa) fi k.k.fniidha.
Tooftaaleen kunniin kaartaa (maappii) guddisuuf xiqqeessuu keessattis faayidaa guddaa qabu.

2.6.3. Akaakuu Qabeenya “TALULAR”

2.6.4. Itti Fayyadama Meeshaalee Baruu-Barsiisuu

Dhimma qophii meeshaalee baruu-barsiisuu aansuun haala itti fayyadama isaa kaasuunis barbaachisaadha.
Meeshaalee barnootaa itti fayyadamuu yeroo jennu meeshaale aslii(“real objects”) xiyyeeffannan addaa kennamuu qaba.
Keessattuu barattoota sadarkaa tokkoffaa marsaa tokkoffaa barsiisuu keessatti fakkeenya adda addaa gosa barumsa gara garaa keessatti kaasuu ni danda’ama.

  1. Herreega barsiisuu keessatti barataa kaasnee lakkaa’uun barataa dhiira lamaaf dubara sadii kophaa kophaa dhaabuun walitti yoo makaman meeqaa tahu jedhee ida’uu barsiisuu danda’a. Hiri’suu, baay’isuu, qooduus haala kanaan qabatamaan gargaramu ni danda’ama.
  2. Saayinsii naannoo keessatti: waa’ee maatii baratootaa daree keessaa diramaan akka abbaa, hadhaatti, akka ijoolleetti fudhatee barsiisuun ni danda’ama.
    2.1. Waa’ee teessuma lafaa barsiisuuf barattoota dirree fudhatee deemuun lafa olka’aa, diriiraa, laga k.k.f agarsiisuun teessuma lafa barsiisuun akka salphaatti hubachisuu ni danda’ama.
    2.2. Waa’ee beelladootaa barsiisuuf fakkii horii ykn beelladoota kaasuun barbaachisaa miti. Hirmaattota dirree fudhatee deemuun bakka horiin jirtuu qabatamaan, sa’aa horrii, lukkuu, farda, hoolaa, re’ee k.k.f. agarsiisuun beelladoota akka ta’aan hubachisuudha.
    2.3. Waa’ee halluu adda addaa abaaboo gara garaa agarsiisuun qabatama gochuu, hirmaatoonni naannoo isaaniitti gosa biyyee argamuu adda addaa, adii, dimaa, guraacha k.k.f. akka fidan gochuun barumsa dabarsinuu qabatamaa gochuun baay’ee sulphaa dha.
    2.4. Meeshaalee qonnaa barsiisuuf fakkii kaasani agarsiisuu irra naannoo keenyaatti qotee buulaa qonna irra jiru tokkoo yoo agarsisnnee meeshaalee qonnaa qabatamaan gindoo, waanjoo, qonyee, maarashaa, harfii, harkiftuu k.k.f. agarsiisuun barumsaa qabatama dabarsuu dha. Waan dhaga’an irra agareen gochaan qabatamaan argan ergaa hubatanii fakkiiniis ta’ee qabatamaan qopheessanii itti fayyadamuun salphaa ta’aa.
    Meeshaalee baruu-barsiisuu sirriitti itti fayyadamuuf seer-bu’uuraaleen barbaachisoo ta’an nijiru. Isaanis: Seerota akka filachuu, sirriitti itti fayyadamuu, kuusuu yookiin kaa’uu danda’uu, madaallii, fi duub-deebii dha.

Gocha-19

Ulaagaa qoodamiinsa miidiyaa baruu-barsiisuu armaan gadii irratti hundaahun meeshaalee baruu-barsiisuu gabatee armaan gadii keessatti jiran qoodi.
Hubachiisa: Kanneen gabatee keessatti argaman al-tokko ol fayyadamuun ni danda’ama.
 Kanneen gaaddidduun isaanii guddisee mul’isu
 Rog-lamee
 Rog-sadee
 Miidiyaa argaa dhageettii
 Miidiyaa dhageettii
 Miidiyaa agaree
 Miidiyaa maxxansaa (barreeffamaa)
 Miidiyaa elektrooniksii
 Meeshaalee baruu-barsiisuu agarsiisaa

Giloobii Viidiyoo Fakkii Taatoo Fakkeettii Koompiitara
Aslii Suuraa kitaaba Fiilmii Hantuuta du’aa Diyaagiraamii
Bishaan Plaazmaa LCD Fakkii Reediyoo
barnootaa “Over head Projector”
TV Giraafii kaartaa Poostara “White board” Baxxee boronqii

Tooftaalee Iyyaafannaa
Tooftaan Qoodamiinsi iyyaafannoo koorsii kanaa akka armaan gadiitti ta’a:
 Abbaltii: 20%
 Battallee: 10%
 Piroojektii fi dhiheessii: 20%
 Yaalii gochaa:10%
 Qormaata Xumuraa: 40%
Ida’ama: 100% =Miidiyaa baruu-Barsiisuu (44%) + TOQ (56%)

Baafata

Brown James, et al, (1977), AV Instruction; Technology, Media and Methods:
Brown, James W.et, al (1969), AV Instruction – Media and Method
Clark, Leonard H. and Irving S.Starr, (1969). Secondary and Middle School
Dale Edgar. (1969). Audio Visual Methods in Teaching
Farrant, J.S (1984), Principles and Practice of Education
Henery Ellington(1987). Producing Teaching Materials: A hand book for Teachers and Trainers. Nicholas publishing Company, New York.
Koehler, M.J.,& Mishra, P. (2009). What is technological pedagogical content Knowledge? Contemporary Issues in Technology and Teacher Education Mograw Hill Book Co. New York.
Myers Gail and Myers Michael T. (1985). The Dynamics of Human Communication; McGraw Hill Book Co. New York.
Peter Norton – Introduction to Computers, 6th Edition, McGraw Hill
Qixxeessaa Waaq-wayyaa fi Tamasgeen Yaadataa Dibaabaa(2002/10). Miidiyaa Baruu-Barsiisuu (TECS-232). Leenjii Barsiisotaa Sad.1ffaa Marsaa 2ffaa Sagantaa 10+3tiif Kan Qophaa’e. Biiroo Barnoota Oromiyaa Finfinnee.
Wittich, Walter Amo and Charlos Francis, (1993) Audio Visual Materials: Their Teaching Methods (7th Bd) New Jersey: Prentice Hall. Nature and Use

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.