Africa Since 16th Century – XXXX

Ibsa Koorsichaa.
Koorsiin kun qabiyyeewwaan hariiroo Afrikaan Awurooppanoota waliin qabdu (Poorchagaal fi Ottoman Turkii), sochii abuurtotaafi misiyoonotaa, daldala qaxxaamura Garba Atlaantikii, sochii (qabsoo) farra-Kolonummaa, wal-gahii Barliin, sochii Paan-Afrikaaniziimii, Afrikaa fi waraana ololaa, Dhaabbilee Afrikaafi dhuma irrattis rakkoolee Afrikaa keessatti bilisummaan booda mul’atan keessatti bal’inan ka’amani jiru.
Seensa Koorsichaa.
Moojulli kun barattoota Barnoota Hawaasaa leenjii ogummaa barsiisummaa sadarkaa dippiloommaa(10+3)tiin leenji’aniif qopha’ee seemisteera lammaffaatti kan kennamudha. Koorsiin kun qabiyyeen isaa akka waliigalaatti seenaa Afrikaa bara 1880 irra kaase jiru irratti bu’uura kan godhate dha.
Haaluma kanaan sochii Misiyoonotaafi Abuurtota Awurooppaa Afrikaa keessatti, adeemsa babal’ina kolonii Awurooppaanotaa Afrikaa keessatti, yaa’ii Barliin, Haala siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa Afrikaanotaa kan bara koloniifi koloniin booda, sochii bilisummaa biyyoolesaa Afrikaanotaa, Paan-Afrikaanizimii, fincila Afrikaanota sirna koloni irratti, Sochi bilisummaa biyyoolessaa Afrikaanotaatif dhimmoota haala mijeessan, Afrikaa Waraana Addunyaa lamaan jidduutti, biyyota Afrikaa bilisummaa argatan, Seenaa Afrikaa Bulchiinsa koloniin booda, Niyookoloniiyaalizimii, hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa, hundeeffama dhaabbilee akka naannootti, Waraana Ololaa fi Afrikaa, Jeequmsa Kongoo, Sirna Appaartaayidii Afrikaa kibba keessatti fi Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti jijjiramu irratti kan xiyyeeffatudha.
Kaayyoo Koorsichaa
Xumura Koorsii kanaatti Barattoonni:
 Sochii Misiyoononni fi Abuurtonni Awurooppaa Afrikaa keessatti gochaa turan ni ibsu.
 Imaammata kolonii Awurooppaanonni Afrikaa keessatti hojiirra oolchaa turan ni addeessu.
 Bu’aa hojiin Misiyoonotaa fi Abuurtotaa koloneeffattoota Awurooppaa tiif argamsiise ni ibsu.
 Qabsoo ittisa sadarkaa tokkoffaa fi qabsoo bilisummaa sadarkaa lammaffaa kan ummatoonni Afrikaa koloneeffattoota Awurooppaa irratti geggeessan ni dinqisiifatu.
 Haala siyaasa,dinagdee fi hawaasummaa Afrikaa kan bara kolonii fi koloniin booda ture ni madaalu.
 Yaada “neocolonialism” jedhu fi rakkoolee sirna koloniin booda Afrikaanota mudate ni hubatu.
 Sochii bilisummaa biyyoolessaa Afrikaanotaafi sochii kanaaf dhimmoota haala mijeessan ni hubatu.
 Dhiibbaa waraani addunyaa tokkoffaa fi lammaffaa Afrikaa irraan gahe ni beeku.
BOQONNAA TOKKO

  1. Jalqabbii Koloniyaalizimii Afrikaa Keessatti
    Seensa
    Walitti dhufeenyi Afrikaanotaa fi Awurooppaanotaa giddutti uumame ture adeemsa keessa gara gocha sukkanneessaa kan akka daldala garbaa qaxxaamura Garba Atlaantikii fi koloniyaalizimii jedhamutti jijjiramuun rakkoo cima Afrikaanota irratti fiduu danda’eera. Daldala garbaatiin Afrikaan wayita miidhamtu daldaltoota fi kaampaaniiwwan Awurooppaa daldala kana irratti hirmaatan duroomaniiru. Duubatti hafummaa Afrikaa fi rakkoo siyaasaa ardii Afrikaa yeroo ammaa kanaaf daldala garbaa qaxxaamura Atlaantikiifi bulchiinsi Kolonummaa akka sababaatti fudhatama.
    Rakkoo uumame kanaaf qamni shoora taphate Awurooppaanota qofa osoo hintaane hoggantoonni Afrikaas, warri booji’amtoota waraanaa fi yakkamtoota garbummaatti gurgurachuun gahee mataa isaanii bahaniiru. Haata’u malee, sababoota adda addaa irraan kan ka’e Awurooppaanotni suuta suuta daldala garbaa dhaabuun sirna daldalaa handhuura Afrikaa keessatti hirmaachuu jalqaban. Fedhiin isaanii daldal qofaa miti. Osoo Afrikaa hinqircatiin dura Awurooppanonni koloniiwwan yeroo dheeran dura qabatan(old colonies) naannoo qarqara Afrikaatii qabatanii turan. Isaan keessaa muraasni: Ottomaan Turkiin-kaaba Afrikaa, Faransaay-Aljeeriyaa, Araboonni–Zaanzibar, Poorchugal qarqara Angoolaa fi Moozaambik, Ingiliz-Seeraliyoonfi Qonnaan bultoonni Dachi (Boers) Afrikaa kibbaatti. Naannoowwan ibsamaniin ala ardiin Afrikaa bal’aan osoo Awurooppaanonni bara 1880moota hanga waggoota jalqabaa 1900tti qabachuuf waldorgommii keessa hingaliin dura hoggantoota Afrikaan kan bulaa turan ta’uu ragaan seenaa dhugaa baha. Gama biratiin imaammata koloneeffattootaa gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa irratti baldhinaan ibsi kennamee jira. Akkasumas xiyyeeffannoon koloneeffattoota naannoolee Afrikaa adda addaa keessatti maal akka fakkaatu barattu.
    Kaayyoo
    Barannoo Kana Booda Barattooni:
    o Kaayyoo Misiyoonotaa fi Abuurtota Awurooppaa adda ni baasu.
    o Kaayyoo yaa’ii Barliin adda ni baafatu.
    o Haala adeemsa babal’ina kolonii Afrikaa keessa ture ni addeessu.
    o Uummanni Afrikaa Misiyoonotaa, Abuurtota fi koloneffatoota jalqaba gara Afrikaa dhufani haala akkain akka simatan ni ibsu.
    o Imaammata kolonii Awurooppaanonni Afrikaa keessatti hojiirra oolchan addaan baafatu.
    1.1. Sochii Misiyoonotaafi Abuurtota Awurooppaa Afrikaa keessatti
    1.1.1.Sochii Misiyoonota Awurooppaa
    .

Jalqaba jaarraa 19ffaa tti Awurooppaa fi kaabaa Ameerikaa keessatti hojiin wangeelaa sochii mirga dhala namaa waliin walqabate babaldhatee ture. Sochiin kun daldala garbaa Afrikaa mormuu bu’uura godhachuun,uummata cunqursaa fi dukkana jala jiru fayyisuu yaada jedhu qabate ka’e. Sababa kana irraan kan ka’e misiyoononni kiristaanaa hedduun gara Afrikaatti ergamaniiru. Misiyoononni Awurooppaa kunis garbummaa, daldala dhala namaa, dhugaatii nama macheessuu dhuguu, haadha manaa tokko ol fuudhuu fi shubbisuun hammeenya ta’uu ciminaan barsiisuu jalqaban.
Dhaabbilewwan Awurooppaa hedduun misiyoonota Afrikaatti erganiiru. Dhaabbilee misiyoonota ergaa turan keessaa warreen beekamoon kanneen armaan gaditti
 Dhaabbata mana amantii Misiyoonota Angilikaan
 Dhaabbata Mishineerii Metodistii Wesiliyaan
 Dhaabbata Mishineerii Loondoon
Kanaan alatti biyyonni Awurooppaa amantii Pirotestaantii hordofan kanneen akka Faransaay, Jarman, Hoolaandii fi Ameerikaa misiyoonota isaani gara Afrikaatti erga turan.
Hojii misiyoonota Awurooppaa naannoo Dhihaa Afrikaatti bu’a qabeessa ture, keessumaa biyyi Seeraliyoon jedhamtu bakka misiyoononni Afrikaa itti leenjifamanii fi baratan turte. Hojii ergama amantii kiristaanaa naannoo Tirooppiksii keessatti kan baballisaan Misiyoonota Afrikaa Seeraaliyoon keessatti baratani dha. Misiyoonota Afrikaa keessaa baay’ee beekamoo kan ture nama Saamu’eel Ajayi Kiraawuter jedhamu dha. Namni kun phaaphaasii Lixa Afrikaa isa jalqabaa ta’uun naannoo Sulula Niijeer keessatti amantichaa babal’iseera.
Naannoo Afrikaa kibbaatti Dhaabbani Misiyoonota Loondoon uummattoota Kohisaan jijjiruun milkaa’aniiru. Keeppi Kolonii keessatti misiyoononni Awurooppaa fudhatama akka argatanuuf sababa kan ta’e ogummaa teeknikaa fi barreessuuti. Akkasumas Afrikaanonni meeshaa waraanaa Awurooppaanota irraa argachuuf jecha misiyoonotaf simannaa taasisaniru. Moota ummata Kibba Afrikaa keessa tokko kan ture kan Moosheshewee jedhamu misiyoonota Awurooppaa akka ogeessaa, gorsitootaa fi barreessitootaatti itti fayyadameera, haata’u malee, mootiin kun amantiin kiristaanaa aangoo siyaasaa amantii aadaa waliin gaggeeffamuu sodaachisaadha jedhe waan amanuuf mormaa ture.
Gama biraan mootii Sootosiwaanaa kan ture Kahamaan, amantii kiristaanaatti fayyadamuun aangoo siyaasaa isaa cimsachuu danda’eera. Naannoo Maalaawwii ammaa keessatti amantii kiristaanaa kan baballisan misiyoonota Iskootlaandiitti. Kiristaanonni Afrikaa naannoo Baasuutoo kolleejjii Lovedale kibba Afrikaa fi kubbaaniyaa Ingilizii “Lakes Company” jedhamuu irra gargaarsa argachuun amantii isaani cimsaniru. Kubbaaniyoonni kun misiyoonota waliin ta’uun huccuu fi meeshaalee adda addaa uummataaf dhiyeessa waan turaniif daldaltoota Arabaa fi Siwahilii caalatti fudhatama argataniru.
Kaayyoon kubbaaniyaa Ingilizii inni jalqabaa amantii baballisuu osoo hintaane daldala ilkaan arbaa naannoo kanaarraa bu’aa guddaa sassabbachuu ture. Jalqaba 1880mootaa keessa misiyoononni gargaarsa mootummaa Ingilizii gaafachuun daldala garbaa giddu-galleessa Kibba Baha Afrikaatti cimee ture irratti dhiibbaan akka taasifamu godhaniru. Sababa kana irraan kan ka’e bara 1889tti Ingiliziin baddaa Shiree (Maalaawwii) jedhamtu labsiidhaan of jala galchuun ol-aantummaan bulchuu jalqabde.
Haala walfakkaatuun naannoo Naamibiyaa keessatti sababa walitti bu’insa Naamaa fi Hereeroo tiin sochiin misiyoonota fi hojiin daldala waan jeeqameef misiyoononni Jarman mootummaan isaani eegumsa akka godhuuf iyyannoo galchan. Kanumaan bara 1884tti Jarman Naamibiyaa to’ate eegumsa ishee jala galfate(protectorate)
Naannoo kibba Afrikaa keessatti misiyoononni Ingilizii mootummaan Botiswaanaa akka mootummaa Ingilizii deggersa gaafatu amansiisuun koloneefamuu biyya isaaniif haala mijeesaniiru. Haaluma kanaan weerara Bo’eerotaa irraa ooluuf jecha Siwaanaan Ingiliziitti iyyateera. Sochii misiyoonotaa keessatti gochii ulfina maleessa ta’eefi kaayyoo koloneeffattootaa deeggaruun beekamu hojii misiyoononni Dhaabbata Loondoon Nidebelee keessatti raawwataniidha.
Bara 1888tti ergamaan dhaabbata Loondoon kan ta’e Luba Heelim, mootii Nidebelee Loobengulaa gowwoomsuun galmee hiika dogoggora qabu irratti akka mallatteessu gochuun lafa isaa dhaabbata daldalaa Ingiliziif dabarsee akka kennu taasifameera.

Fakkii I. Mootii Nidebelee Loobengulaa (1836—1894)
Walumaagalatti, misiyoononni amantii kiristaanaa babaldhisuuf Awurooppa irraa gara Afrikaa dhufan kaayyoo gurguddoo lama qabu ture. Baay’een isaanii kaayyoo amantii kiristaanaa babaldhisuuf gara Afrikaa kan dhufan yoo ta’u muraasni isaanii immo sirna kolonii Afrikaa keessatti akka jalqabuuf kan haala mijeessaan turan.
1.1.2.Sochii Abuurrtota Awurooppaa

Koloneeffattonni Awurooppaa lafa Afrikaa qabeenya hedduu qabu fi bal’aa haala salphaa ta’een to’achuu kan danda’an odeeffannoo abuurtota irra argatanitti fayyadamuni. Bara 1768tti lammii Iskootilaand kan ta’e Jamsi Biruus madda laga Naayil barbaacha gara Itiyoophiyaa dhufeera. Bara 1783tti Awurooppaatti yammuu deebi’u odeeffannoo waa’ee Itiyoophiyaa Awurooppaa keessa tamsaaseera. Haata’u malee Awurooppaanonni waa’ee seenaa fi uummattoota Afrikaan walqabate jiru kanaan dura odeeffannoo gahaa ta’e hinqaban turan.
Awurooppaanonni daldala seera qabeessa babal’isuuf jecha odeeffannoo waa’ee Lageen, uummataa fi meeshaalee dheedhii Afrikaa argachuuf fedhii guddaa qabu turan. Bara 1788tti dureeyyonni Ingilizii waldaa Afrikaa (African Assocition) hundeesssan. Kaayyoon dhaabbata kana garee daawwattootaa gara Afrikaatti erguun magaalaa durii Timbuktuufi laga Niijeer qorachuu ture. Odeeffannoon badhaadhummaa mootii Maalii durii, Maansaa Muusaa, kennaa warqee inni Makkaa fi Kaayiroo irratti kenne fedhii Awurooppaanota baay’ee kakaaseera.
Lammii Ingilizii kan ta’e Muungoo Paark kitaaba “Travel in to the Interior of Africa” jedhu barreessuun bara 1799tti Loondoon keessatti maxxansiise. Muungoon si’a lama laga Niijeer daawwateera, haata’u malee hojii isa osoo hin xumuriin laga Niijeer irratti du’e. Meeshaalee dheedhii warshaalee ammayyaa tiif barbaachisu ardii Afrikaa keessatti akka argamu beekamus hammam akka ta’ee fi eessatti akka argamu sirritti hin beekamu. Sababa kana irraan kan ka’e ardiin Afrikaa sakkata’amu waan qabuuf haala haara ta’een bara 1800-1870tti abuurraan ardii Afrikaa gaggeeffameera. Lammii Faransaay kan ta’e Reenee Kaaleen bara 1827 yeroo jalqabaatiif waa’ee odeeffannoo Timbuktuu nama ardii Awurooppaa dhageessisedha. Bara 1830tti Richaard Laander odeeffannoo laga Niijeer geejibaaf mijaawaa ta’u isa ibsu Awurooppaanotaaf kenneera.
Kanaan booda sababa rakkoo dhukkuba busaa irraan kan ka’e waggoota 20f abuurraan ardii Afrikaa dhaabbachuu danda’eera. Haata’u malee,bara 1850 keessa dawaan busaa waan argameef abuurraan ardii Afrikaa saffisaan itti fufeera. Baroota 1850, 1860 fi 1870moota keessa abuurraan Awurooppaanota Lageen Afrikaa gurguddoo kannen akka Naayil, Zaambeeziifi Zaayeer irratti kan xiyyeeffate ture. Abuurtonni Baarton, Ispeek fi Giraant maddi laga Naayil – Adii Haroo Viktooriyaa Niyaanzaa ta’uu ibsaniiru.

Namni D. Liviingstoon jedhamu Kibbaa Afrikaatti Bahaa irra ka’uun Dhihatti qaxxaamuruun laga Shiree hanga Haroo Maalaawwiitti deemuun, waa’ee sirna yaa’a lageen Kibba-giddugaleessa Afrikaa abuureera.

Kaartaa II. Abuurraa Sirna Yaa’a lageen Kibba-giddugaleessa Afrikaa
Walumaagalatti, imaltoonni Awurooppaarraa bakka haaraa keessumaa waa’ee giddugaleessa Afrikaa qorachuuf dhufan kayyoo gurguddoo lama qabu ture. Baay’een isaanii kaayyoo saayinsii fi beekamitii argachuu gara Afrikaa kan dhufan yoo ta’u muraasni isaanii immo sirna kolonii Afrikaa keessatti akka jalqabamuuf haala mijeessaa turan.

Mootummootni Awurooppaas imaltoota kanaaf deeggarsa faayinaansii kan godhaa turaniif sirna kolonii gara fuula duraatti Afrikaa keessatti diriirfataniif odeeffannoo argachuuf ture. Namoota mootummoonni Awurooppaa Afrikaa keessatti akka sirna kolonii eegalan odeeffanoo kennuu fi waamicha dhiyeessan keessaa Deevid Liivigistoonfi Heenerii Mortoon Istaanleey akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Abuurraan ardii Afrikaa kaayyoo kaappitaalizimii galmaan gahuuf kan jalqabame yoo ta’e iyyuu, abuurtonni beekumsa saayinsiitif hirmaatanis jiru.

Kadhimamaa Barataa, mee abuurtoota ardii Afrikaa abuuruu irratti hirmaatan keessa kanneen beekamoo ta’an gabatee armaan gadii irratti tarreefaman ilaali.

Maqaa Abuura Biyya Abuuraa Bara Abuurraa Firii Abuurraa
Baartiloomiwoo Diyaaz Poorchugaal 1488 Fiixee Afrikaa Kibbaa argate
Vaaskoo Da Gaamaa Poorchugaal 1497-1499 Poorchugaalii ka’e karaa fiixee Afrikaa Kibbaatin Hindii gahee deebi’e
Jams Biruus Iskootlaand 1769-1772 Madda laga Naayil gurraachaa qo’ate
Muungoo Paarki Ingilizii 1795-1805 Laga Gaambiyaa abuuruun laga Niijeer gara olii gaheera
Huug Kilaappertoon Ingilizii 1822 Gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuree Afrikaa Dhihaa gaheera
Kiraapfii fi Reebmaan Jarman 1849 Itiyoophiyaa fi tulluuwwan Keeniyaa fi Kilimaanjaroo qorataniiru
Riichaard Bartan fi Joon Ispeek Ingilizii 1858 Madda laga Naayil argachuuf hanga Taangaanikaatti deemaniiru
Ispeekii fi Joon Giraant Ingilizii 1862 Madda laga Naayil naannoo fincaa’a Hipponitti argachuun lagicha hordofaa hanga Suudaanitti deemaniiru
Deevid Liivingistoon Ingilizii 1853-1873 Naannoo Zaambeezii, Haroo Niyaasaa fi qarqara laga Kongoo abuuraniiru
Heenerii Istaanlii USA 1871-1890 Zaanzibaarii hanga laga Kongoo deemuun Liivingstoon barbaadee argate
Kaawunt Saavoorjinaan De Biraazaa Faransaay 1875 Naanno laga Kongoo abuureera

1.2. Adeemsa Babal’ifannaa Kolonii Awurooppaa Afrikaa Keessatti

Sababoonni mormii daldala garbaa hedduu yoo ta’an iyyuu, inni bu’uuraafi ijoo ta’e fedhii dinagdeetti. Kunis guddina warraaqsa Warshaa biyya Ingilizii keessatti jalqabamedha. Akka yaada Awurooppaanotaatti daldalli garbaa adeemsa boodatti hafaafi dhamaatii guddaa kan qabu jedhani waan amananiif, yeroo kanatti biyyoonni warshaan dagaagan kanneen akka Ingilizii caalaati albuuda dheedhii, oomisha qonnaa gabaaf oolan (kan akka Kaakaa’oo, Ocholonii, ija Meexxii, muka gommaa fi jirbii) akkasumas humna namaa rakasa ta’e irratti xiyyeeffatan.
Walakeessa jaarraa 19ffaa irratti abuurraan ardii Afrikaa sadarkaa xumuraarra gahe ture, yeroo kana keessatti koloneeffattoonni Awurooppaa lafa naannoo qarqara Afrikaatti argamu 10% qofa kan ta’u irratti daangeeffamani turan. Naannowwan koloneeffattootaan qabamani turan kun Angoolaa, Moozaambiik,Giinii, Saa’oo-Toommee fi Pirinsippee Poorchugaaliin, Afrikaan Kibbaa Hoolaandiin qabamte, Gaambiyaa, Seeraa Liyoon, Faanteefi Leegos Ingiliziin qabaman, Zaanzibaar Arabootaan qabamte, Seenegaali fi Aljeeriyaan Faransaayin qabamaniru. Tokkummaa’uu Jarmaniifi Xaaliyaanii booda walitti dhufeenyi Afrikkaa fi Awurooppaa jijjiiramuun biyyoonni Awurooppaa ardii Afrikaa qoqqooddachuun impaayera kolonii hundeeffachuu danda’aniiru.

Kaartaa III. Lafa Afrikaa bara 1870moota dura koloneeffattootaan qabame ture
1.2.1. Sababoota Biyyoota Awurooppaa Giddutti Walmorkii kolonii Uuman
A.Warraaqsi Warshaa biyyoota Awurooppaa keessatti dagaaguu
Warraaqsa warshaan booda biyyoonni Awurooppaa gabaa haaraa, meeshaa dheedhii fi humni namaa rakasa ta’e isaan barbaachiseera. Hanga walakeessa jaarraa 19ffaa isa lammaffatti biyyi warshaadhaan dagaagde Inglizii qofa turte. Ingiliziin imaammata gabaa bilisaa jedhu fayyadamuun qofa ishee daldala Afrikaa dhuunfattee turte.Walakeessa jaarraa 19ffaa tti garuu haalli kun jijjiramuun biyyooti akka Faransaayi fi Jarman dagaagina warshaa tiin Ingilizii qaqabachuu danda’aniiru. Sababa kanarraa kan ka’e, Faransaayi fi Jarman Afrikaa keessa kolonii qabachuuf dorgommiitti seenan. Biyyootni kun yaada “Piroteektoreet” jedhu qabatanii dhufan. Yaadni kunis, Afrikaa keessaa lafa yookaan kolonii ofii qofa to’atan qabachuu kan jedhu fi lafa lolonii ofiirraa daldaltoota biyya Awurooppaa dhorkuu yookaan qaraxa guddaa itti muruu jechuu dha.Yaada kana qabachuun Faransaayi, itti aansuun Jarmanfi Ingilizii dorgomii keessa seenan.
B. Sochii Misiyoononnifi Abuurtoonni Awurooppaa taasisan
Misiyoononnifi Abuurtoonni Awurooppaa waan haaraa barbaachaa gara Afrikaa dhufan waa’ee ardii Afrikaa sirriitti beekuun hoggantoota Awurooppaa beeksisuu. Misiyoononni Awurooppaa uummata Afrikaa jireenya gadadoo fi rakkina keessa jiran gargaaruun akkasumas barnoota babaldhisuun hojii gaarii yoo hojjatan iyyuu muraasni isaanii immoo bittaan kolonii Afrikaa keessatti akka jalqabuuf haala mijeessaa turan.
C. Waa’een sabboonummaa biyyoota Awurooppaa keessatti babal’achuu.
Ciminni biyya tokkoo kan madaalamu kolonii baay’ee qabaachuun waan ta’eef biyyoonni Awuroppaa dhihaa Afrikaa keessatti kolonii qabachuuf dorgommii keessa galan. Gama kanaan biyyonni fakkeenya ta’an kanneen akka Jarmani fi Xaaliyaani adeemsa tokkummaa’uu isaani akka xumuraniin biyyoota akka Ingilizii fi Faransaayi waliin dorgommuun lafa saamuu jalqaban. Fakkeenyaaf, Ingilizonnis jecha Impaayera aduun gonkumaa hin dhiine (The Sun never set over the British Empire) jechuun kolonii bal’aa qabatanii ittin boonaa turaniiru.
D. Yaada hiddama Chaarlis Daarwiin
Akka yaada hidama kanaatti hawaasni addunyaa kan Awurooppaanalaa jiru guddinaa qaamaa fi aadaatiin sadarkaa gadi-aanaa irra kan jiran, guddina saayinsii fi teekinoloojiitin Awrooppaanonni qaban bira waan hin geenyeef guddina kana Afrikaanota biraan gahuun mirga fi dirqama nurraa eegamu dha jedhani amanu(the White Men’s burden). Kaayyoo kana bal’inaan hojirra kan olchan Misiyoonota amantii kiristaanaa barsiisaa turani dha. Akka Misiyoonota kanaatti, bulchiinsi Awurooppaanota gochaalee sukkanneessaa kanneen akka daldala garbaa Afrikaa keessaa balleessuuf akkasumas uummata Afrikaa qaroomsuuf hojiirra oolu qaba jedhu.
E. Awurooppaanonni Afrikaa keessa qabeenyi hinxuqamne jira jedhani amanuu.
Qabeenya akka oomishaa dheedhii zayitaaf oolu, muka gommaa, fi ilkaan arbaa kan bosonaa Afrikaa keessatti argaman to’achuuf walmorkii eegalan. Keessattuu Durriin (Diamond) bara 1867tti fi Warqeen(Gold) 1886tti Afrikaa Kibbaa keessatti argamuun isaani fedhii guddaa Awurooppaanota keessatti uumeera. Sababa kana irraan kan ka’e Awurooppaanonni kolonii qabachuun bu’aa guddaa qaba jedhani waan amananiif waldorgommii keessa galan. Lafa Afrikaa qircachuuf dorgommiin inni jalqabaa bara 1879tti Faransaayiin jalqabame.Yeroo kanatti Faransaay imaammata Ingilizii daldala bilisaa jedhu mormuun jalqabde. Kanas, biyyi Faransaay, daandii baaburaa Daakaarii hanga Sulula Naayjeetti diriirsuun daldala naannoo Saavaanaa Dhiha Afrikaa to’achuuf abdii godhatte. Bara 1882tti bakka Poortoonovoo fi naannoo Kongoo to’achuu ishee beeksifte. Portoonoovoon kolonii Ingilizii Goold Kostii fi Leegos giddutti argamti. Haalli kun daldala bilisaa laga Kongoo gaaffii keessa galchuun ol’aantummaa Ingiliziin naannoo kanatti qabdu fashaleessuu danda’eera. Yeroo kanatti mootiin Beeljiyeem, Liyooppoold II immoo lagni Koongoo qabiyyee dhuunfaa isaa ta’u yammuu beeksisu Poorchugaal immoo deggarsa Ingilizii irraa argateen Angoolaa qabachuu ishee beeksiste.

Jalqaba Ingiliizii fi Faransaay walgargaaruun bo’oo Iswiiz banan. Bara 1882tti, Ingiliziin Misirii dhuunfaan koloneeffatte. Tarkaanfiin Ingilizii kun Faransaayi biyyoota Afrikaa kan biroo saamichaan akka qabatu taasiseen. Biyyoonni Awurooppaa kan biroo fakkeenyaaf Jarmanii fi Beeljiyeem Afrikaa koloneeffachuu irratti waan hirmaataniif lafa Afrikaa saamuun haala saffiisa qabuu itti fufe. Bismaark waldorgommiin lafa saamuu Ingilizii fi Faransaayi gidduutti taasifamaa jiru gara waldhabinsaatti deemaa jiraachuu isaa hubachuun bara 1884tti walgahii Barliin qindeessee waame.
1.2.2. Walgayii Barliin(1884-1885)

Hirmaattonni walgahichaa biyyoota 14 yammuu ta’an kanneen keessa beekamoon Iniglizii, Faransaay, Jarman, Ostiroo-Hangaarii, Raashiyaa, Beeljiyeem, Hoolaand, Ispeen, Poorchugaal, Xaaliyaani, Deenmaark, Siwiidin fi Impaayera Otomaa Tarkii fa’i turan. Kaayyoon ijoon walgahii kana dhimmoota Walitti dhufeenyaa daldala biyyoota Afrikaa wajjin jiru, Lageen Afrikaa irra akka bilisaan yabaluun danda’amu irratti fi Afrikaa qabachuuf jecha walitti bu’iinsa biyyoota Awurooppaa gidduutti uumamuu danda’u akkamitti hambisuun danda’ama jedhu irratti.

Walgahichi dhuma irratti qajeelfamootaa, waliigaltee fi nagaa yeroo buusuun xumurameera. Akkaata qajeelfamoota irratti waliigalameetti biyyi Awurooppaa tokko Afrikaa keessaa kolonii qaba jechuuf:
 Naannicha yoo sirritti bulchaa jiraate qofa kan jedhu.Yaada kanas kan dhiyeesse Bismaark yoo ta’u kaayyoon yaada kanaas saffisa saamicha lafa Ingilizii daangessuuf yaadameti fi
 Ragaa waliigaltee hoggantoota Afrikaa wajjin taasifame yoo dhiyeeffatee dha.

Murteewwan waligahichaa:
• Biyyi Awurooppaa tokko biyya Afrikaa wajjin taate akka isaaniin hinlolle qoqqobbii daldala meeshaa waraanaa ammayya irratti buusuu
• Sirna garbaa fi daldala garbaa irratti tarkaanfii fudhachuuf
• Koongoon qabeenya dhuunfaa mooticha Beeljiyeem ( Liyooppoldi II) ta’uu fi mootichi immoo daldaltoonni Awurooppaa fi mishinaroonni Amantii bilisaan akka Sulula Laga Koongoo keessa socho’an waadaa gale.
• Lageen Afrikaa gurguddoon yabalaaf biliisa akka ta’an murtaa’e.
Walgahii kana booda biyyootni Awurooppaa Jarmaniin dabalatee kolonii qabachuu kaachuu jalqaban. Kanaaf immoo ragaa aargachuuf jecha waliigaltee dogoggorsuu(fake treaty) hoggantoota Afrikaa mallatteesisuun biyyoota baay’ee humnaan qabachuu danda’aniiru Walgahiin Barliin dhumee guyyoota muraasa booda Bismaark Guraandhala 1885tti Tangaanikaa Pirotektoreetii godhate, “German East Africa” jedhamtee moggafamte. kanas fiixaan baafachuuf sababni Jarman dhiyeeffatte waligaltee hoggantoota Afrikaa naannoo sanatti mallatteeffame dha.
Walgahiin Barliin ardii Afrikaa ciccirachuu irratti biyyoota Awurooppaa giddutti walitti bu’iinsi akka hin uumamne ittisuuf kan geggeeffame yoo ta’e iyyuu, bakkeewwan Afrikaa adda addaatti walitti bu’iinsi uumamuun isaa hin hafne. Fakkeenyaaf, bara 1898tti Ingilizii fi Faransaay Suudan qabachuuf sochii gaggeessan irratti bakka Faashoodaa jedhamutti walitti bu’aniiru.Walitti bu’iinsi kun sadarkaa lola dhiiga dhandalaasisuu osoo hin gahiin araaraan xumurame.
Walumagalatti, bara 1912tti Faransaay-Moorokoo fi Xaaliyaaniin-Liibiyaa qabachuun saamicha lafa yammuu xumuranu, Afrikaa keessatti biyyonni bilisummaan hafan Itiyoophiyaa fi Laayberiyaa qofa turan. Bal’ina lafa Afrikaa isaan koloneeffatan sadarkaan yammuu ka’amu Faransaayi lafa kolonii baldhinni isaa 4,250,000 km2 Ingiliziin immoo lafa baldhinni isaa 3,500,000 km2 ta’u qabataniiru. Baldhinni lafa kolonii Ingilizii kan Faransaayitiin gadi yoo ta’e iyyuu, biyyoonni Ingiliziin koloneeffatte lalisaa fi qabeenya uumamaa tiin badhaafamoo dha. Koloneeffattoonni kanneen akka Jarman, Xaaliyaan, Beeljiyeemi fi Poorchgaal mataa mataadhaan lafa kolonii kan baldhinni isaa 1,000,000 km2 ta’u yoo qabatan kan koloonii dhiphoo ta’e qabatte Ispeeni turte. Wayita Awurooppaanonni lafa Afrikaa qircatan, Afrikaanonni callisanii hin teenye. Bara 1890 moota eegalee Afrikanonni baldhinaan koloneeffattoota Awurooppaa ofirraa faccisaa turaniiru.

Kaartaa IV. Lafa Afrikaa koloneeffattoonni Awurooppaa qircatan
1.3. Dhimmoota Koloneeffatootaaf Haala Mijeessan
Uummattoonni Afrikaa hedduun koloneeffattoota Awurooppaa ittisuuf qabsoo cimaa kan geggeessan yoo ta’e iyyuu, dhimmonni tokko tokkoo akka koloneeffattonni haala salphaa ta’een lafa Afrikaa qircataniif haala mijeessaniru.Sababoonni ijoo ta’an kanneen armaan gadiiti:
I. Walitti bu’iinsa Hooggantoota Afrikaa Gidduu ture
Hooggantoonni Afrikaa tokko tokko haala qindoomina qabuun gurmaa’anii tokkummaan Awurooppaanota ofirraa ittisuu irraa michuummaa Awurooppaanoota filachuun waliigaltee mallatteessaniiru. Deeggarsa meeshaa waraanaa Awrooppaanota irraa arganitti fayyadamuun hoogganaa Afrikaanotaa olla isaani irratti waraana gaggeessaa turaniiru. Fakkeenyaaf Saamorii Turee fi Ahimaduu Seekuu waraana walirratti gaggeessaa turaniiru.Waliigaltee hoggantoonni Afrikaa mallatteessan ka’umsa godhachuun Awurooppaanonni lafa Afririkaa haala salphaa ta’een to’achuu danda’aniiru.
II. Ol’aantummaa Meeshaa waraanaa fi humna loltummaan argachuu Awurooppaanotaa.
Awurooppaanonni gama loltummaan meeshaa ammayyaatti fayyadamuun injifannoo saffisaa argataniiru. Jalqaba qawwee “breech-Loading” booda immoo qawwee “Maxim-gun” bara 1884tti oomishuun fayyadamaniiru. Meeshaaleen kunneen garuu Afrikaanotatti gonkumaa hingurgamu ture. .
III. Awrooppaanonni teekinolojii fi saayinsii haaraa kalaquun itti fayyadamuu:
Teekinoloojii Awurooppaanonni uuman kan akka mootora hurkaa “Steam engine”, baaburri geejjibaaf ooluu, mootora naafxaa fi dhibeen hamaa naannoo tirooppiksii kan ture busaan dawaa “Quinine” jedhamu argamuun qabannaa lafa Afrikaaf haala mijeessee jira.
Walumaagalatti, walitti bu’iinsa hooggantoota afrikaa gidduu ture, awrooppaanonni teekinolojii fi saayinsii haaraa kalaquun itti fayyadamuu fi ol’aantummaa meeshaa waraanaa fi humna loltummaan argachuu irraan kan ka’e koloneeffattoonni Awurooppaa ummattoota Afrikaa injifatanii qabachuudhaan sirna kolonummaa fi bulchiinsaa kolonii dhaabaniiru.
1.4. Dhufaatii Awurooppaanotaatif Deebii Afrikaanonni kennan
Misiyoononni, Abuurtoonni fi Koloneeffattoonni Awurooppaa walduraa-duubaan jalqaba gara Afrikaatti yeroo dhufan, haalli ummattoonni Afrikaa itti ilaalani fi dhufaati Awurooppaanotaan walqabate duub-deebiin ture naannoo irra naannootti garaagarumaa qaba ture.
Lammiiwwan Awurooppaa babaldhina amantii kiristaanaa fi sirna kolonii deggaran tokko tokko akka ibsanutti, ummanni Afrikaa haarka caalaa ta’u amantii kiristaanaa fi sirna kolonummaa deeggaruun gammachuudhaan simatee jedhu. Akka deeggartoota babaldhina amantii kiristaanaa fi sirna kolonii kanaati, yeroo babaldhina amantii kiristaanaa fi sirni kolonummaa Afrikaa keessatti jalqabamuu daldalli garbaa Bahaa fi Giddu-galeessaa Afrikaa keessatti geggeeffama ture dhaabachuu danda’eera.
Akkasumas waraanni waliin-waliini mootummoota Dhihaa Afrikaa giddutti geggeeffamaa ture dhaabbachuu danda’eera. Amantiin kiristaanaa fi Sirni kolonummaa jalqaba Afrikaa keessatti hojiirra yammuu oluu naannoowwan Afrikaa muraasa keessatti nageenyaa fi tasgabbii kan mirkaneesse yoo ta’e iyyuu, yaadi deeggartoota babal’ina amantii kiristaanaa fi sirna koloniitiin ibsame ragaalee fi maddota seenaa tiin kan deggeerame waan hin taaneef fudhatama hin qabu.
Haata’u malee, dhugaan qabatama ta’e kan ragaalee fi maddota seenaa bu’uura godhatee akka ibsutti, yeroo jalqaba Awurooppaanoni gara Afrikaatti dhufan ummanni Afrikaa haarka caalaa ta’u mormii irratti kaaseera. Mormii Afrikaanonni Awurooppaanota irratti geggeessan sadarkaa sadiin ilaaluu ni dandeenya: Faccee Afrikkaanota isa jalqabaa (hanga 1914), qabsoo walqixummaa argachuuf (waranota addunyaa lamaan jidduu)fi qabsoo bilisummaa biyyooleessaatti (waraana Addunyaa lammaffaa booda).
Jalqaba jaarraa 16ffaa hanga jaarraa 19ffaa keessa faccee Afrikaanonni misiyoonota, abuurrtoota fi koloneeffattoota irratti geggeessan faccee Afrikaanota isa jalqabaa jedhama. Faccee jalqabaa kun Afrikaa keessatti bifa walfakkaata ta’een kan geggeeffame hin ture, fakkeenyaaf, gara Jalqaba jaarraa 16ffaa irratti Poorchugaal misiyoonota Kaatolikii warra jalqaba gara Afrikaatti ergite. Misiyoononni Kaatolikii kun mootota Afrikaa muraasa kiristaana yoo taasisani iyyuu booda irratti kaayyoo dhokataa misiyoononni Awurooppaa qaban waan hubataniif misiyoonota muraasa ajjeessuun warreen hafan immoo biyya keessa ari’uu danda’aniru.
Sababa kana irraan kan ka’e hojiin misiyoonota inni jalqaba bu’aa barbaadame argamsisu hin dandeenye.Yaaliin misiyoonota Poorchugaal bu’aa xiqqaa kan argamsise biyya Afrikaa Dhihaa kan taate Beeniin keessatti. Beeniin keessatti hojiin ogummaa artii adda addaa kan amantii kiristaanaa calaqisiisuu faayida irra oluu jalqabe ture.
Jalqaba jaarraa 16ffaa irratti misiyoononni Poorchugaal mootii Kongoo kiristaanaa gochuun milkaa’ani turan. Haata’u malee daldalli garbaa Kongoo keessatti waan babaldhateef uummanni Kongoo misiyoonota Poorchugaal jibbuun gara amantii aadaa isaa duritti deebi’aniru. Bara 1540 keessa loltoonni Poorchugaal mootii Galawudiwoos jedhamu gargaaruuf gara Itiyoophiyaa yammuu dhufan misiyoononni Poorchugaal loltoota kana hordofuun gara Itiyoophiyaa galaniiru.Misiyoononni kaatolikii gara Itiyoophiyaa dhufani kun yeroo sanatti mootii Itiyoophiyaa Suusuniyoos jedhamu amantii kaatolikii akka fudhatu taasisaniru. Suusuniyoos amantii kaatolikii akka amantii biyyoleessaatti waan labseef mormiin cimaan biyya keessa itti ka’eera. Sababa mormii kana irraan kan ka’e kaayyoon misiyoonota Poorchugaal kufuu danda’eera. Dhuma irratti naannoo jaarraa 17ffaa tti misiyoononni Poorchugaal Itiyoophiyaa keessaa ari’amaniiru.
Bara 1560moota keessa misiyoononni Poorchugaal Zimbaabuwee ammayyaa keessatti mootii Monomotaappaa jijjiruun daldala warqee to’achuu danda’aniru. Haata’u malee sochiin misiyoonotaa kun uummata irra mormii siyaasaa fi amantii akka itti ka’u taasiseera, akkasumas misiyoononni fi namoonni muraasni amanticha fudhatan ajjeefamaniru. Hanga jaarraa 19ffaatti hojiin misiyoonota Awurooppaa sababa mormii Afrikaanota irra itti ka’een hamma barbaadame babalachuu hin dandeenye.
Haata’u malee, uummanni Afrikaa haarkaa caalaa ta’u sochii misiyoononni, abuurrtoonni fi koloneeffattoonni yeroo jalqabaatiif Afrikaa keessatti geggeessaa turan irratti mormii cimaa ta’e geggeessa hin ture. Misiyoononni Awurooppaa muraasa ta’an, kan gara Afrikaa dhufan uummata Afrikaa jireenya gadadoo fi rakkina (dhibee fi beelaa) qabaniif nyaataa fi uffata dhiyeessuun warra garbummaan miidhamniif akka bilisooman fi daldalli garbaa akka dhaabbatu balaaleffachuu eegalan. Akkasumas barnoota babaldhisuun waan hojjatanii fi sochiin Awurooppaanoota inni jalqaba jireenya Afrikaanootaa irratti miidhaa cima ta’e waan irraan hingeenyeef uummanni Afrikaa mormii cimaa hin kaasne.
1.5. Imaammata Koloneeffattootaa

      1.5.1. Imaammata Siyaasaa

Koloneeffattoonni gurguddoon torban naannoo Afrikaa adda addaatti immaammanni kolonii isaanii ittiin bulchan garaa garummaa qabaatus kan koloneeffattoonni koolonii bal’aa qaban imaammata siyaasaa armaan gadii kana qabu ture.
Bulchiinsa kallattii (direct rule): Sirna bulchiinsaa kana hojiirra kan oolchitee Ingilizii turte.Tiiwoorii al-kallattiin bulchuu (Indirect rule) kan hundeesse, hogganaa kolonii Ingiliiz kan Naayijeeriyaa, F. Lugaardii ture. Lugaardiin imaammata kana kan hundeesse bulchiinsa mootumootaa sokootoo irratti. Bood Ingiliziin sirna al-kllattiin bulchuu kan kolonoota ishee hunda keessatti hojiirra oolchite.
Tooftaan al-kallattiin bulchuu, seera aadaa fi hoggantoota aadaa Afrikaanotaatti fayyadamuun baasii guddaa kan hin gaafanne ta’uu waan hubatteefi Afrikaanonni nama Afrikaaf caalaa abboomamu yaada jedhurraa kan maddeedha. Waluma-galatti, Ingiliziin imaammata kana kan hojirra oolchite adda addummaa aadaa, afaanii fi amantii Afrikaanoota bu’uura godhachuun ture.Imaammanni kunis Qoqqooduun bulchuu (Divide and Rule) jedhama. Hoggantoonni kan filataman gosa isaanii keessa dha. Kunis tokkummaan Afrikaa akka hin cimnee fi garaagarummaan akka babaldhatu taasiseera.
Bulchiinsa Kallattii (Direct rule): Gama biraan, Faransaayi imaammata kallattiin bulchuu yokaan tokkummeessuu (Assimilation) kan nama Albart Sara’ut jedhamuun qophaa’e hojiirra oolchite. Faransaay uummata kolonii ishee aadaa isheetiin tokkummeessuu irratti xiyyeeffati. Akka imaammata kanaatti labsiin Paarisii bahu kolonoota ishee hunda keessatti hojiirra oola. Kunis kan hojiirraa oole walkeessa jaarraa 19ffaa koloniin Faransaayi muraasa wayita ture dha. Tooftaa kanaan Afrikaanoti aadaa isaanii dhiisuun kan Faransayi irratti akka xiyyeeffatan taasifameera. Booda Koloniin ishee baldhachaa wayita deemu, Faransaayi yaada tokummeessuu jedhu laafiftee jirti. Imaammnatichi ulaagaa barnoota cimaa waan gaafatuuf Afrikaanoti hundi guutuu hin dandeenye. Afrikanonni aadaa mataa isaanii dhiisuun kan Faransaayi akka cimsan taasifamaniru.
Imaammatni bulchiinsaa Poorchugaal kan Faransaay fakkaata. Namoonni muraasni afaani fi aadaa Poorchugaal fudhatan “Sivilisado” jedhaman aangoo gibira funaanuu fi hojii humnaaf namoota bobbaasuu qabu. Sivilsadoon Poorchugaal baay’ee muraasa turan. Mirga filuu fi filatamuus hinqaban. Namoonni kun sanyii makaa kan ta’anii fi guutummaatti aadaa Afrikaa kan dhiisan dha. Hojiin isaanii barreessuu, barsiisuu fi daldala xixiqqaa hirmaachuudha.
Imaammanni bulchiinsaa Beeljiyeem, imaammata Faransaayii fi Ingilizii walitti makuun kolonii ishii bulchaa turte. Imaammata tokkummeessuu kan hojiirra oolchite kolonii ishee Beeljiyaan-Koongoo keessatti ture. Akkuma Poorchugaal isaan kunis mirga siyaasaa dhorkamaniiru. Barnoonni isaanis hanga sadarkaa tokkoffaatti kan daanga’e ture. Kolonoota yaboon kennamaniif, Ruwaandaa fi Burundii, keessatti garuu al-kallattiin bulchaa turte.

1.5.2. Imaammata Aadaa
Awurooppaanonni gara Afrikaa wayita dhufan Afrikaan aadaa, amantaa fi qaroomaa mataa ishee qabdi ture. Haa ta’u malee, Koloneeffatonni Awurooppaa Afrikaan qarooma, barnootaa fi amantaa akka hin qabnetti fi akka boodatti haftuutti fudhatanii jiru. Akka yaada isaanitti kaayyoon isaanii Afrikaa qaroomsuu, barsiisuu fi boodatti hafummaa keessaa baasuu akka ta’etti himachaa turan. Haa ta’u malee, dhugaan isaa kana hin ture. Yaadni kun labisii duula qarooma Afrikaa balleessuuf taasifame dha. Duulli kun naannolee Afrikaa tokko tokko keessatti dhaabbilee aadaa Afrikanootaa diiguudhaan hojiirra yoo ooleyyuu guutummaa ardii Afrikaa keessatti akka koloneeffattoonni yaadanitti galma hingeenye. Keessumaa naannoo Kaaba Afrikaa keessaa Masigiidaa fi Quraanni hundee cimaa waan qabuuf aadaa Islaamaa balleessuu hin dandeenye.
Garuu biyyoota Afrikaa naannoo tirooppiksii keessatti dhaabbilee hawaasummaa fi aadaa diiguun, mana murtii, mana amantii fi mana barnootaa mataa isaaniin bakka buusaniiru. Aadaan Awurooppaa Dhiha Afrikaa keessatti babaldhisuun, aadaa Afrikaa irratti dhiibbaa taasisaniiru. Dhiibbaan aadaa Awurooppaa hanga har’aatti Afrikaanota rakkoo eenyummaa keessa galche jira. Afrikaanonni kan mataa isaanii gatanii kan koloneeffattootaa faana bu’uun burjaaja’aa jiru.
1.5.3. Imaammata Amantii
Kaaba Baha Afrikaa keessatti amantiin kiristaanaa dhufaatii warra Awurooppaa duraan hundee cimsachuun babaldhata ture. Keessumaa Kaaba Itiyoophiyaatti amantiin kirstanaa, Kaaba Afrikaa, Dhiha Afrikaa fi qarqara Baha Afrikaa keessatti amantiin Islaamaa babaldhateera. Amantii Kaatolikii gara Afrikaa kan fidan Poorchugaali fi Ispeen turan. Keessumaa Poorchugaal amantii kana Angoolaa, Zimbaabwee fi Kongoo keessatti akka babaldhatu taasiftee jirti. Amantiin Pirotestaantii immo xumura jaarraa 18ffaa Jarmanootaa fi Ingilizotaan gara Afrikaa dhufe. Misiyoononni Awurooppaa kunis dorgommii Afrikaa qircachuu dursanii Afrikaa keessatti socho’aa turan. Isaanis tarsiimoo lamaan kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf socha’a turan. Inni dura hoggantoota Afrikaa awwachuudhaan ture. Hogganaa yoo jijjiran biyya isaa jijjiru aka danda’anitti fudhachu.Tarsiimoon kunis Botiswaanaa keessatti hojiirra ooleera. Tarsiimoon inni lammaffaa uummattoota jijreenya gadadoo fi rakkina akka garbummaa, dhibee adda addaa keessa jiran gargaaruu dha. Haala kanaan amatiin Kiristaanaa Afrikaa keessatti babaldhateera. Haa ta’u malee babaldhinni amantii kiristaanaa kun amantii fi aadaa Afrikaanootaa guutummatti hinballeessine.
1.5.4. Imaammata Barnootaa
Afrikaa keessatti dhufaatii Awurooppaanota dura barnoonni aadaa gaggeeffama ture jira. Namni barnoota kan jalqbu maatii isaa irraa dha. Kanaaf hawaasa kamiyyuu keessa barnooti ni jira jechuu dha. Muslimoonni Quraana, kiristaanonni kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi barreessuu hanga danda’anitti barachaa turan.
Koloneeffattoonni Afrikaa keessatti kan manneen barnootaa hundeessan uummata Afrikaaf dhimmamanii osoo hintaane tajaajiltoota teeknikaa fi ogummaa kan imaammata kolonii isaanii galmaan gahaniif oomishachuuf ture.
1.6.Haala Siyaas-Dinagdee fi Hawaasummaa Yeroo Kolonii Afrikaa keessatti.
1.6.1. Dhibbaa Bulchiinsa Kolonii Karaa Hawaasummaa.
Hojii dhabdummaan, abdii kutachuun fi koluugaltummaan bal’inan ardii Afrikaa keessatti baroota bulchiinsaa kolonii iddoo guddaa kan qaban turan.Tamsa’inii dhukuuboota, lakkooffsi uummata magaalaa safiisan guddaachaa dhuufunfi, tajaajilli misooma bu’uura kan waliin walmadaaluu guddaachuu hafuun dhimmoota bara bittaa kolonummaa Afrikaan qunnaman keessaa muraasaadha.. Koloneeffatootni dhaabbilee misooma bu’uura kaneen akka daandii faayidaa isaani qofa giddugaleeffachuun wiirtulee Oomishaa irraa gara isaan barbaadanitti diriirsuun itti tajaajilamaa turaniru.
Karaa biroos dhaabbileen barnoota naannoo magaalatti kan dangaan yoo ta’u hawaasni bala’an Afrikaa caaraa barnoota kan hinarganne qofa osoo hin ta’iin humna misoomaa Oguumma qabu horachuuf hindanda’amne.Tajaajila fayyaa ilaalchisees uummanni Afrikaa rakkoo guddaa keessa ture. Karaa aadaas uummatni Afrikaa gutuummaa guutuun jechuun ni danda’amaa, bulchiinsa alagaa jala gidiramaa kan turedha. Waggoota kanneen keessaa osoo hin jalatiin mallattoo eenyummaa isaa kan ta’an ,aadaa fi seenaa isaa dhisee kan warra koloneeffattoota isaa akka hordofuu yeroo itti dirqamaa turedha.
Sababa Awurooppaanootni gara Afrikaa itti dhufaan keessaa tokko, uummata Afrikaa “Waqaa Tokichaa”itti akka amanuuf tasiisudha. Isaan dura uummatichii amantii mata isaa ta’e darbaa darbiin dhaloota dursaan irraa argate kan qabu yoo ta’u amantii duudhaa, Awurooppaanoonni garuu akka Afrikaanonni amantii hin qabneti ilaalu turan. Kanaf jecha lallabdoota amantii warra Miisiyoonii jedhaman erguun kaayyoo isaani isa dhugaa dhokfachuun amantii kiristaanaa babalisuun, amantii Afrikaanotaa suuta suutaan dadhabsiisaniiru.
Kara biroo afaan Afrikaanoota biyyoota Afrikaa hedduu keessatti kan warra koloneeffattootan bakka bu’amee hojii irraa oolee, kanaan booda afaan koloneeffamtootaa iranffatamee, adeemsa keessaas muraasni ni bade. Afrikaanonni aadaa mataa isaanii dhiisuun kan koloneeffattoota isaanii akka hordofan taasiseera.
1.6.2. Dhibbaa Bulchiinsa Kolonii Karaa Dinagdee .
Baroota bittaa kolonii jala turan Afrikaanotni kan jajjabeessamaa fi dirqamsiisamaa turan meeshaalee dheedhii gurgurtaaf oolan, albuudaalee waarshaalee Awurooppaatiif barbaachisoo ta’an qofa akka oomishaan godhamu. Qonnaa ilaalchisees; midhaan gosa tokko (mono-culture) kan gurgurtaa (cash crop) akka oomishaan taasifamaa turan. Garuu gatiin bittaa isaani kan murtaa’u fedhii biyyoota koloneeffattootaan ture. Kanaafuu Afrikanoonni galii madaalawwaa Oomishaa isaaniif ta’uu malu argachaa hinturre. Kun immoo guddina ardichaa irratti gama hundaan boodatti kan hambiseedha. Kanamalees qabeenyi ardii Afikaa kan Afrikaanootaan oomishamee fayyidaa Awurooppaanootaaf kan oolu ture. Karaa biroo gatiin oomisha warshaalee Awurooppaa ol ka’aa fi gatiin oomisha Afrikaanootaa gadii bu’aa ture. Bifa kanaan galiin Awurooppaanoota guddachaa fi dinagdeen isaani cimaa yoo dhufu kan Afrikaanootaa immoo dadhabaa deemeera.
1.6.3. Dhibbaa Bulchiinsa Kolonii Karaa Siyaasaa.
Sirni bittaa kolonii mirga ofiin of bulchuu Afrikaanootaa guutuummaa guutuun mulquun, bulchiinsaa alagaa jala kan galchee fi kan uummata gidiruun olaantummaa warra adiif kan dhaabatedha. Afrikaanootni bittaa kana of irraa fonqolchuuf bakka fi yeroo adda addaa qabsoo haa godhan malee hanqina meeshaa waraanaa ammayyaa fi qindoomina dhabuun milka’uu hin dandeenye. Koloneeffattoonni olaantummaa gama loltummaan argatan fedhii siyaasaa isaani guutachuuf itti fayyadamaniiru. Dabalataanis haala isaanif mijatuun daangaa biyyoota Afrikaa jijjiiruun wal dhabdeefi walitti bu’insa daangaa dhaloota har’aa gidduutti jiruuf sababa bu’uuraa ta’un amma illee tasgabbii siyaasaa dhabamsiisuun kufaatii dinagdee geessisaa jira.
Gudunfaa
Bara 1870mootan dura biyyootni Afrika irra caalaan ofiin of-bulchaa turan. Awurooppaanonni lafa Afrikaa muraasa qofa to’atani ture. Haa ta’u malee baroota 1880moota, keessumaa walgahii Barliin booda siyaasni Afrikaa baldhinaan jijjiirameera. Uummanni Afrikaa biyyaa isaanii koloneeffattoota irraa ittisuuf naannoo adda addatti qabsoo cimaa gaggeessaniiru. Dhiha, Baha fi Kibba Afrikaa keessatti qabsoon Awurooppaanota ofirraa ittisuu bifa adda addan godhamaa tureera.Haa ta’u malee qabsoon Afrikanotaa kun hin milkoofne. Gama tokkoon tokkummaa dhabuun Afrikanota qabsichi humna akka dhabuu fi kufu taasiseera. Gama biraan ammo tooftaa fi meeshaa waraanaa ammayyaa hidhachuun koloneeffattootaa, injifannoo akka argatan carra guddaa kenneef. Toofta Afrikanota walirratti kakaasuufi sossobbiin of cinaa hiriirsuun Awurooppaanonni injifannoo argataniiru.
Afrikanonni meesha kana hidhachuu hin dandeenye. Meeshaan isaani kan aadaa fi qawwee yeroon isaa darbe ture. Kanaaf, gama meeshaa lolaanis Awurooppaanonni injifannoo argataniiru. Sababoota kanaaf, Afrikaan Kabaa-Kibbatti, Dhihaa fi Bahaatti kolonummaa Awurooppaanotaa jalatti kufte.Koloneeffatoonni Awurooppaa guutumaan Afrikaa erga to’atani booda kolonii isaanii maloota garaagaraan bulchaa turan.
Keessumaa Ingilizii fi Faransaayi imammata adda addaa Afrikaa keessatti hojiirraa oolchaniiru.Ingiliziin al-kallattiin Afrikaanota aangoo qabsiisuun bulchaa turte. Faransaayi garuu kallattiin namoota isheen Afrikanota kolonii ishee bulchaa turte. Koloniin Faransaayi aadaa mataa isaanii dhisanii aadaa Faransaayi fudhachuun akka tokkumma’aan (Assimiltion) taasisuu dha. Poorchugaalis akkuma Faransaayi tooftaa sivilisado (assimilado) hordofu.
Poorchugaalii fi Faransaayi olaantummaa aadda Awurooppaa Afrikanota barsiisuu irratti xiyyeeffatu.Beeljiyeen, toottaa Ingilizii fi Faransaayi waliin makuun kolonii ishee bulchaa turte. Gama barnootaa fi amantiins Awurooppaanonni aadaa mataa isaanii Afrikanotatti fe’uun Afrikaan qaroomaa akka hin qabnetti fudhatu. Kanaaf barnootni fi amantaan isaanii Afrikaa keessatti akka babaldhatu carraaqaniiru

Gilgaala keessa deebii
II. Deebii Sirrii Filadhuu.

  1. Biyyoota Afrikaa bara 1870moota dura qabamani turan keessaa kan sirritti walitti hin firoomne kami A/Angoolaa-Poorchugaal B/Zaanzibaar-Ispeen C/Aljeeriyaa-Faransaay D/Faantee-Ingilizii
  2. Walakkeessa jaarraa 19ffaatti biyyonni dagaaginaa warshaaleetiin Ingiliziin morkatan A/Ispeen fi Faransaay B/Poorchugaal fi Jarman C/Xaaliyaan fi Jarman D/Jarmani fi Faransaay
  3. Yeroo walgahii Barliin kamtu kaayyoo Bismaark dhokataan? A/Biyyoota Afrikaa daangeessuu B/ Dhimma Kongoo murteessuu C/Afrikaan qabamte osoo hin dhumiin qoodachuu D/ Karaa nageenyaatiin Afrikaa qoodachuu
  4. Walitti bu’iinsaa Faashoodaa ilaalchisee dhugaa kan ta’e? A/ Faransaayi fi Ingilizii jiddutti waraana gaggeeffameedha. B/Kaayyoon Ingilizii Daakaarii hanga Jiibuutiitti daandii baasuu dha C/ Kaayyoon Faransaay Misiri hanga Afrikaa Kibbaa tti daandii baasuu dha D/ Hunduu deebii dha
  5. Dhiha Afrikaa keessatti kolonii Ingiliizii kan hin taane kami A/ Gaanaa B/ Naayijeeriyaa C/ Giinii D/ Gaambiyaa
    III.Deebii Gabaabaa
  6. Misiyoonotaa fi Abuurrtoota Awurooppaa Jalqaba jaarraa 16ffaa irra kaasee yammuu gara Afrikaa dhufanu uummanni Afrikaa haala akkamiin simatee?
  7. Barnoonni afaan koloneeffattootan kennamuun miidha qaba jettaa?
  8. Koloneeffattoonni Awurooppaa, barnoota afaan isaaniitiin kennuu maaliif filatan?
  9. Garaagarummaa Imaammata bulchiinsa kolonii Ingilizii fi Faransaayi isaanii ibsa.
  10. Ciminaa fi hanqina bulchiinsi kolonii kallatti qabu lama barreessi
    BOQONNAA LAMA
    2.Sochii Bilisummaa Biyyoolessaa Afrikaanotaa
    2.1.Paan-Afrikaaniziim fi ka’umsa Sabboonummaa
    2.1.1.Paan-Afrikaanizimii
    Ardiin Afrikaa bittaa kolonii Awurooppanotaa jalaa akka bilisoomtu sochiilee siyaasaa hedduun gaggeeffamaniiru. Sochiilee kanneen keessaa ijoo kan ture sochii Paan-Afrikaanizimii jedhame beekamudha. Paan Afrikaanizimii jechuun sochii uummata gurraachaa hundaa jechudha. Sochiin kun kan eegale ardii Afrikaatiin alatti namoota sanyii Afrikaa qaban kan naannoo kaaribiyaaniitin ture. Gurraachonni Ameerikaa keessa jiraatan mirga uummata gurraachaaf qabsoo xumura jaarraa 18ffaa eegalameedha.
    Namoota sochii kana hoogganuufi qindeessuu keessatti beekamoo ta’an Maarkas Gaarvee (lammii Jamaayikaa) isa tokko yoo ta’u innis dhaadannoo gara Afrikaatti deebi’uu ‘ back to Africa’ jedhu qabate namoota hundeen dhalootaa isaanii Afrikka ta’e gara ardichaatii deebisuuf sochii jalqabe. Kana rawwaachuuf galii maallaqaan deeggaramuuf jecha dhaabbata “ Universal Negro Improvement Association” (UNIA) gurmeesseera.
    Sochiin Paan-Afrikaanizimii bifa gurmaa’ina qabuun kan jalqabe magaalaa Loondoon keessatti bara 1900tti ture. Gumii kana kan abbaa waltaajjii ta’ee gaggeesse H. Siilvestar Wiiliyaams ture. Hirmaattonni gumii kana Afiroo-Ameerikaanota yemmuu ta’an, hedduun isaani barattoota biyaa Ingilizii juraatanidha. Hirmaattota kanneen keessaa beekamoon Dr.Wiiliyaam Du Booyis (1868-1963) jedhama.
    Walgahii Loondoon booda qindeessaa fi barreesaan sochii Paan-Afrikaaniziim kan ture Dr.Du Booyis dha. Hooggansa isaa jalatti walgahii jalqabaatiin ala gumiiwwan shan gaggeefamaniiruu. Isaanis:
     Yaa’ii 1ffaa Paan-Afrikaanizimii bara 1919 magaalaa Paarisitti.
     Yaa’ii 2ffaa Paan- Afrikaanizimii bara 1921 Loondoon fi Biraaseels.
     Yaa’ii 3ffaa Paan- Afrikaanizimii bara 1923 Loondoon fi Liisboon.
     Yaa’ii 4ffaa Paan- Afrikaanizimii bara 1927 Niiwu Yoorki.
     Yaa’ii 5ffaaa Paan- Afrikaanizimii bara 1945 Maancheestar.
    Yaa’ii 5ffaaan kan gaggeeffame Onk. 15-19 bara 1945tti yommuu ta’u namootni hundeen isaani Afrikaa ta’e gurraachootni dhibba lamaa ol ta’an addunyaa mara irra irratti hirmaataniiru. Si’a jalqabaatifis dhalatoon ardii Afrikaa irratti hirmaataniiru. Gaaffii bilisummaa gaafachuun warraa adii wajjiin walitti makamanii jiraachuu mormuun murtoo dabarsaniiru. Dabalataniis ejjennoo Kawamee Nikuurumaa qabsoo karaa nagaa gaggeessuu isa jedhu akka tooftaa tokkootti diriisfataniiru. Yaa’ii kanaan booddee walgahiiwwan Paan Afrikaanizimii gara ardii Afrikaatti deebi’uun qabsoon bilisummaa Afrikaa akka finiinu deeggaraniiru.
    Gocha Barataa: Gaaffii Marii?
    Yaa’ii Paan-Afrikaaniziimii bakkeewaan gargaagaratti gaggeeffaman ilallchise kitaabilee biroo sakatta’uun dhimmoottan akkamii walgahii kana irratti akka mari’ataman dubbisuun dareef gabaasa dhiyeessaa?

2.1.2. Jalqabbii Sabbonummaa Afrikaanummaa
Sabbonummaa hiika adda addaa yoo qabatee iyyuu haala mata duree kanan bilisummaa siyaasaa gonfachuuf qabsoo ykn sochii gaggeeffamuu jechuu dha. Kana jechuun qabsoo farraa kolonii kan uummatonni Afrikaa bittaa koloneeffatoota Awurooppaa jala bilisoomuudhaaf sadrakaa fi naannoolee adda addaatti gaggeeffaman kan ilaalatu dha. Sabbonummaan quqama fi wareegama saba ofiif bifa adda addaan kanfaluu yoo ta’u xumura jaarraa 19ffaa fii jalaqaba jaarra 20ffaa kan dagaage dha.Akkaafrikaatti baroota waraana addunyaa 1ffaa booda adeebsa qabsoo bilisummaa hawaasa keessatti iddoo guddaa qabachuun gahe bakka hin bu’amne taphateera.
Haalawwaan Guddina Sabbonummaa Afrikaatiif Gumachaan.
 Olaantummaa fi to’annoon alagaa miira sabbonummaa kakkasuu.
 Humnootni gurguddoo haaraan kan akka Ameerikaa fi Tokkummaa Sooviyeet Raashiyaa mulachuu isaani.
 Fooyya’iinsa geejjibaa fi guddina magaaloota namootni hedduun bakka tokkotti argamanii muxxannoo gidiraa akka wal jijjiraniif gumaachuu isaa.
 Kutannoo lammiileen Afrikaa bilisummaaf qabsaa’uuf agarsiisaan.
 Lakkoofsi namoota baratani dabaluu isaa. Kessummatuu waraana addunyaa lammaffaa booda.
 Dhiibbaa sirni kolonii Eeshiyaa keessatti caccabuu eegaluu. Fkn Hindii fi Paaksitaan bara 1947 bilisummaa argachuu isaani qabsoo Afrikanoota jajjabessera.
Tooftaan Mahatama Gaandii qabsoo karaa nageenyaa Kawumee Nikuramaan akka gocha gaariiti fudhatamu isaa.
 Fakkeeenyummaa Laayiberia fi Itiyoophiyaas akka dhiibbaa gaaritti sabbonummaatiif gumachuu isaa.
 Sochii Paa- Afrikaaniiziimii.
 Hundeeffamuu paartilee siyaasaa sabbonummaa jajjabeseera.
 Amantiinis gahee guddaa taphateera.
2.2. Faccee Ittisa Sirna Kolonummaa Afrikaanota
2.2. 1.Faccee Ittisa Sirna Kolonummaa Afrikaanota Isa Jalqaba

Koloneeffattoonni Awurooppaa ardii Afrikaa koloneeffachuuf yammuu dhuufan uummanni Afrikaa bilisummaa biyya kabachisifachuuf jecha qabsoo cimaa geggeesseera.Qabsoon uummata Afrikaa wayita murtaa’aa tokko keessatti kan geggeeffame osoo hin taane,hanga Afrikaan bilisummaa gonfatutti kan geggeeffamedha. Afrikaan sirna kolonummaa jala waggoota torbaatamaaf kan turte waan ta’eef,baroota dheeraa kana keessatti qabsoon geggeeffame haala qabatama yeroo irratti kan hundaa’ee ture.Qabsoon uummata Afrikaa kun bakka gurguddoo saditti kan qoodame yammuu ta’u,mata dure kana jalatti kan ilaalu wayita koloneeffattoonni Awurooppaa biyyoota Afrikaa koloneeffachuuf duulan qabsoo geggeeffame qabsoo sadarkaa tokkoffaa. Bakkeewwan tokko tokkotti sababa injifannoo Adowaa irraa ka’een Itiyoophiyaan malattoo mormii Afrikaanotaa turte.Mormiin bifa kanaan gaggeeffame giddugaleessaa fi kibba Afrikaatti baldhinaan kan mul’ate yoo ta’u Itiyoophiyaaniziimi jedhames beekama.
Gaaffii Marii
Amala fi Kaayyoo faccee farra kolonii Afrikaa dhihaa keessatti gaggeeffame warreen biroo irra adda kan godhu gareen marii’achun ibsi?
i) Faccee Uummata Woloof
Afrikaa Dhihaa keessatti uummattoota hedduun qabsoo sadarkaa tokkoffaa irratti hirmaatani keessa tokko ummata Woloofiitti.Ummati Woloof yeroo ammaa biyoota Seeneegaali fi Gaambiyaa jedhamtu keessatti qubatani jiraatu.Qabsoon ummata Woloof sochii kolonummaa Faransaayi irratti kan geggeeffame dha.Yaa’ii Barliin booda mootummaan Faransaay ummata Woloof koloneeffachuuf raayaa waraanaa cimaa ta’e duulchisee ture.Ummanni Woloof duula koloneeffachuu kana of irraa ittisuuf qabsoo cimaa ta’e kan geggeesse yoo ta’e iyyuu,sababa meeshaa waraanaa ammayyaa tiin waraanameef injifatamee bara 1885 irraa eegalee sirna kolonummaa Faransaay jala galeera.
ii) Qabsoo Uummata Impaayera Tukolorii fi Maandiinkaa
Dhiha Afrikaatti impaayerootni lama koloneeffattoota Faransayi of irraa faccisaa turan Impaayera Tukolorii (Ahmmaaduu Seekuun hogganaa ture )fi Impaayera Mandiinkaa (Saamoree Tureen hogganaa ture) dha. Ahmmaaduu fi Samoreen jalqaba irratti Faransaayi waliin karaa dippilomaasiidhaan rakkoo hiikuu kan yaalanii yoo ta’e iyyuu, milkaa’uu hin dandeenye. Afrikaa Dhihaa keessatti qabsoon Saamoree Turee baay’ee beekama dha.Saamoree Turee hogganaa Maandinkaatti. Saamoreen bara 1882 irra eegalee koloneeffattota Faransaay ittisuuf qabsoo cimaa geggeessa ture.
Keessumattuu, koloneeffattoonni Faransaayi bara 1890 eegalee Impaayera Saamoree gar-malee haleeluu waan jalqabaniif,Saamoreen uummata Impaayera Maandinkaa qindeessuudhaan kana of irraa faccisaa tataafii yoo godhe iyyuu booda bara 1898tti injifatamu danda’eera.Injifannoo kana booda mootummaan Faransaay Impaayera Maandinkaa koloneeffachuun Saamoree Turee oddoolaa Atilaantikii tokko keessatti hidheera.Saamoreen mana hidhaa kana keessa waggaa lamaaf erga turee booda bara 1900tti du’eera.

Fakkii I. Saamoree Turee bara 1898tti koloneeffattoota Faransaayiin qabame
Akkuma Saamoree namni hogganaa Impaayera Tukolor ture Ahmmaaduu Seekuun bara 1879-1883tti koloneeffattoota Faransaayi irratti qabsoo cimaa geggeessa ture.Qabsoon Ahmmaaduu biyya amma Maalii jedhamtu keessatti geggeeffame.
Yammuu Ahmmaaduun qabsoo kana geggeessuu biyyi Maalii ammaa maqaa Seeguu jedhamuun beekamti.Uummanni Seeguu koloneeffattoota Faransaay of irra ittisuuf qabsoo cimaa ta’e kan taasisee yoo ta’e iyyuu,sababa ol-aantummaa qawwee ammayyaa tiin injifatamuun bara 1883 irra eegalee kolonummaa Faransaayi jala galeer. Karaa biro giddugaleessa Sudaan (Central Sudan) keessatti immoo Faransaayin kan mormaa ture hogganaa Boornoo Rabiin ibin Fadil Allaa dha. Haa ta’u malee innis hin milkoofne.Bara 1892-94, humni Faransaayi loltoota Senegaal iirraa ijaaramen Dahoomee to’ate. Bara 1893 ammoo Ayivorii Kosti to’atan. Biyyootni dhiha Afrikaa hedduun kolonii Faransaayi turan. Isaan kunis kan akka Senegaal, Giinii, Ayivoriikosti, Gaaboon fi maalii fa’iii.
iii) Faccee Uummata Ashaantee.
Dhiha Afrikaa keessaa Ingilizin Kolonii baay’ee hin qabdu. Garuu biyyoota qabeenya uumamaan badhaadhan kan akka Gaanaa (Gold cost) fi Naayijeriyaan kolonii Ingilizii turan. Gaambiyaa fi Seeraliyoonis Ingiliziin koloneeffate ture. Impayerri Ashantee,naannoo qarqara Gold kosti, Gaanaa har’a baay’ee beekama fi humna waraana cimaa kan qabdu turte. Ingiliziin qarqara irraa garaa biyya keessatti wayita babaldhachuu calqabdu lolli cimaan humnota Ashantee irraa ishe qunnameera. Loltoonni Ashantee kutannoodhaan lakkaaman Ingilizoota ofirraa ittisuu yaalaniiru.
Wareegama guddaa kanfaaludhaanis loltoota Ingilizii yeroo duraa irratti rifachiisaniiru.Haa ta’u malee bara 1874tti Ingilizoonni Ashaantee irratti lola banuudhaan magaalaa ishii Kumaasii barbaadeessani. Bara 1895-96tti deebi’anii mootummaa Ashantee weeraruun – pirotektooratii Ingilizii godhan.
Bari kun yeroo loltoonni Itiyoophiyaa weerartoota Xaaliyaanii adda waraana Adwaatti rukutuun bilisummaa biyya isaanii eegsiisani dha. Uummatnii Ashantee hanga bara 1900tti Ingilizoota ofirraa faccisa ture. Haa ta’u male bara kanatti Ingiliziin humna Seera Liyoonii fi Naayijeriyaa irraa dabalachuun faccee Ashaantee cabsitetti dhuma irratti Impayera Ashantee humnaan to’ateetti. Ingilizoonni ummata Ashaantii koloneeffachuuf duula gosa sadii raawwatan:
 Duula gama dinagdee: Mootummaan Ashaantii daldala qarqara garba guddaa Atilaantikii irratti qooda akka hin fudhanne gufuu ta’uun ummanni Ashaantii kufaatti dinagdee tiin dadhabee akka injifatamu kan yaadame ture.
 Duula Sirna Pirootektreeti: Mootummaan Ashaantii sirna kan fudhate Ingilizii jalatti akka bulu bara 1891 gaaffii dhiyeessanii turan.Haata’u malee,mootummaan Ashaantii gaaffii kana malaan of irraa deebiseera.
 Duula Raayyaa Waraanaa: Ingilizoonni ummata Ashaantii koloneeffachuuf yeroo adda addaa raayyaa waraanaa kan duulsisee yoo ta’e iyyuu,ummanni Ashaantii ciminaanof irra ittiseera.

Gaaffii Marii.
Impaayeera jechuun maal jechuu dha? Pirotektooratiin hoo?
iv) Faccee Naayijeriyaa
Ingiliziin lafa Naayijeriyaa baldhaa kan qabatte bara 1892 hanga 1902 giddutti. Warri Iboo garuu hanga bara 1910tti Ingilizoota ofirraa faccisaa turan. Naayijeriaa keessatti Warri Naayijeriyaa Ingilizii faccisuuf tokkummaa hin qaban ture. Qofa qofaa Ingilizoota lolaa turan. Warri Naayijeriyaa Ingilizii faccisuuf tokkummaa hin qaban ture.
Waliin qindoomanii fi gurmmaa’inaan loluu isaani qofa qofaa isaani bitinaa’un Ingilizoota lolaa turan. Kanaaf, Koloneeffamuu irraa of oolchuu hin dandeenye.
v) Faccee Uummattoota Baasuutoo fi Zuuluu
Ummattoonni maqaan isaanii Baasuutoo fi Zuuluu jedhaman qabsoo ittisa koloneeffattoota Awurooppaa irratti baay’ee beekkamoo turan.Ummanni kun ummata gosa Baantuutti.Biyyi Baasuutoo fi Zuulluu ollaa mootummaa qubqattoota hortee adii warra Awurooppaatti.Qubattoonni adii kun qonnaan bultoota biyya Daachii jedhamiti.Qonnaan bultoonni Daachii kun maqaa Bo’eer jedhamuun beekamu. Qubattoonni kun fiixee Afrikaa kibbaatti qubachuu kan jalqaban bara 16 52 eegaleeti.
Fiixeen Afrikaa kibbaa kun maqaa “cape of good hope” (bakka abdii gaarii) jedhamuun beekama Mootummaan Ingilizii jaarraa 18ffaa keessa fiixee ardii Afrikaa kana koloneeffatee mootummoota xixiqqoo lamatti hire bulchuu jalqabee ture,mootummoonni kun Keep kolonii fi Naataal jedhamu.Qubattoonni hortee adii kan duraan fiixee ardii Afrikaa tti qubataa turan sirna kolonummaa Ingilizii mormuudhaan lafa duraan irra qubatani turan gadi dhiisanii giddu-galeessa Afrikaa kibbaatti godaanuun mootummoota Oreenjii Firri Isteetii fi Tiraanisvaal jedhamanu hundeessan. Jaarraa 19ffaa keessa lafa ummata Baasuutoo fi Zuuluutti babaldhachuun qabsoon ummattoota kanaa akka jalqabu kan taasisan mootummoota kana turan. Mootummaa Bo’eer kan lafa ummata Baasuutoo qabachuuf duule mootummaa Oreenjii Firrii Isteetiiti irratti bane.Yeroo kanatti mootii ummata Baasuutoo kan ture Moosheesh yookiin Mooshiweeshiwee jedhama. Mootiin kun dhiibbaa mootummaa qubattoota adii waan sodaateef,lola bara 1865tti geggeeffameen booda bulchiiinsa pirotekitoreetii Ingilizii jala buluuf mootummaa Ingilizii gaafatee ture.
Mootummaan Ingilizii gaaffii kanaaf deebii bara 1871 kenneen bulchiiinsa pirotekitoreetii Kolonii Keeppii jalatti akka bultu kan taasise ture.Sababa kana irraan kan ka’e ummanni Baasuutoo sirna kolonummaa qubqttoota adii jala galuuf dirqameera.

Fakkii II. Mootii Baasuutoo 1785-1870
Ummanni Zuuluu jaarraa 19ffaa keessa bara mootii Shaakkaa Zuuluu(1818-1828) impaayera cimaa ijaaree haleelaa qubattoota adii fi koloneeffattoota Ingilizii of irraa faccisaa ture.Garuu,Ingiliz weerara bara 1878tti geggeessiteen impaayera Zuuluu injifattee koloneeffatteetti.Ingiliiz bara 1897 kolonii Zuuluu mootummaa Bo’eer kan Naataal jedhamuuf waan kenniteef ummanni Zuuluu sirna kolonummaa qubattoota adii jala galuuf dirqameera.

Kaartaa V. Qabsoo Ittisa Sirna Kolonummaa Afrikaanota Isa Jalqaba(1881-1906)
vi) Fincila Urabii Paashaa, Misir keessatti gaggeeffame.
Bara 1869tti bo’oon suwiz banamuun fayyidaa fi barbaachisummaan Misira akka dablu tasiseera. Daandiin bishaan haaraa baname kun fedhii Awuroppanota ,keesumatuu kan Ingilizii fi Faransaay kakaaseera. Ingiliziin gara Hindiitti dooniwwan ishee akka salphatti kan yablalan ta’u hubatte. Kun immoo baasii hin xiqeesaf. Kanumaaf, Misiriin to’achuuf fedhii guddaa godhate.
Yeroo kana motummaan Misir humna mallaaqaa bo’oo kana ittin hojjeechisuu waan hinqabneef Faransaayii fi Ingiliziirraa irraa mallaqa liqeeffachuuf dirqame,kun immoo dhibbaa biyyoota kana lamaan jala Misiriin galcheera. Mootummaan Misir kaffaltii guddaa biyyoota alaa miindaa Ofiisarootaa fi loltootaa irraa kutuun kaffalu yaale ture. Haa ta’u malee loltoonni misir sochii Ingilzii fi Faransaayi mormuun fincila kaasan. Fincila kana Kan hogganu koloneel Urabi paash nama Jedhamu ture. Fincilichi kan xiyyeeffate dhiibbaa alaa fi hoggantoota Misir meeshaa Awurooppaanota ta’uun tajaajilaa turan irratti. Haa ta’u malee humnooti misir humna waraana Ingiliziin adda waraana Tel El – Kabir irratti rukutamaniru. Kanumaan, bara 1882, Ingiliziin Misiriin guutuma guutuun to’atte.
Gaaffii Marii.
Kaayyoon waliigaltee Adowaa inni ghugaan maal ture? Madaallii bu’aa yoo ilaale kan Yohanniis maal fakkata?

vii) Sochii Mahaadoota Suudaan
Sochiin Mahaadoota bara 1881 sudaan keessatti jalqabe. Sochiin kun sochii bifa amantii Sqabaachuun kan eegale yoo ta’u koloneeffattoota mormuun kan qindaa’e dha.. Mahadistoonni humna Misir Ingiliziin hogganamu morummuun lola gaggeesuun calqaba irratti ijifannoo gonfachuun loltoota Misir dangaa Itiyoophiyaatti danqaani turan.Yeroo kanatti loltoonni Misir Mahadistootan marfamanii kara ba’an yommu dhaban Ingiliziin Adimiraal Hiwot nama jedhamu Itoophiyatti bara 1884 ergite. Adimiral Hiwot Yohannis 4ffaa mootii Itiyoophiyaa waliin walii galtee mallatteesse. Kuniis Waliigalteen Adowaa ykn Hiwoot jedahme beakama.
Akka waliigaltee kanatti loltoonni Misir marfamanii Itiyoophiyaa irraan karaa Galaana Diiman biyyatti deebi’ani. Haa ta’u malee, haalli kun mahadisoota Sudaanii fi Itiyoophiyaa giddutti diinummaa uumeera. Booda bara 1898, Ingiliziin humna waraana haaraa jeneral Kichineriin hogganamu loltoota Ingilizii fi Misirii irraa ijaarame Sudaan itti ergite. Yeroo kana Mahadistoonni humnoota Misirii fi Ingilizii dura dhaabachuu hin dandeenye. Mahadistoonni (humni Sudaan) adda waraana Omdurman (1898) irratti Ingiliziin rukutame. Kana booda Sudaan to’annaa Ingilizii fi Misir jala galte. Ingilizii fi Misir lamatti Sudaan to’atan, kunis “Angolo – Egyptan condominium” jedhama. Kan Misir maqaaf yoo ta’u, sudaaniin kan Koloneeffatte Ingilizii dha.. Gama biraatiin ammo Angolaa keessatti uummatni akka Baakongoo Mibundu, Ovamboo fi Chokiwe jedhaman Porchugaaliin mormaa turan garuu dhuma irratti porchugaal Angoola koloneeffatte.

Fakkii III. Mohammad Ahimmad Ibn Abdallaa hoggannaa Mahaadistoota
viii) Fincila Maajii Maajii(1905)
Bara 1885tti Tanganikaan pirootektoretii Jarman taate. Bara 1886 hanga 1890tti Ingilizii fi Jarman daangaa kolonii isaanii Baha Afrikaa daangessan. Kana booda Bismaarki bulchiinsa Tanganikaa daldala kubbaaniyaa dhunfatti kenne. Bara 1888 warri Siwahilii fincila Jarmanoota irratti kaasuudhaan deggarsa uummattoota Heehee fi Yahoo argachuu danda’aniiru. Haata’u malee bara 1889 fincilichi guutummatti wayita cabu bulchiinsi Jarman kallattiin kolonii isaa Tanganiykaa bulchuu calqabe.
Jarmanoti daldala ilkee arbaa to’achuu, fi gibira guddaa buusuun bulchuu itti fufan. Haa ta’u malee bara 1905tti fincilli guddaan Jarmanoota irratti ka’eera. Fincilli kun Maajii – Maajii jedhama. Fincilii Majii kan calqabame oomisha jirbii gara Jarmanitti ergamu mormuudhaan. Maajii Maajii jechuun bishaan tolchaa (magic) jechuu dha. Bishaan kanaan tuqamnaan rasaasi nu hin rukutu jedhanii amanuu ture. Jarmanoonni magaalotaa fi oomisha Afrikaanota gubuun miidha guddaa irraan ga’uun injifannoo argataniiru.

ix) Ingilzii irratti fincila Baha Afrikaa Keessatti taasifame:
Baha Afrikaa – Ingiliziin bara 1890tti waliigaltee Jarman waliin tasifameen Ugaandaa to’ateetti. Yeroo kanatti Ugaandaan kubbaniyaa daldala dhunfaa “Imperial British East Africa” (IBEA) jedhamutti kennamte.Kubaniyaan kun nama Luugaard jedhamu gara mootummaa Bugaandaatti erge.Luugardiin mootii Bugaandaa Miwaangaa amansiisuun bulchiisa Ingilizii akka fudhatu taasise. Miwaangaan olaantummaa Ingilizii fudhachuun Lugaardii waliin hiriiruun warra Musilimota Bunyooro rukute.Bara 1894 mootummaan Ingilizii bulchiinsa Bugaandaa kubaaniyicha irraa fudhuun bulchuu calqabe, Haata’u malee, Kabalega mootiin Bunyooroo Ingilizii mormuu itti fufe. Loltoonni Bugaandaa fincila wayita kaasan, Ingiliziin, Hindirraa humna dabalachuun ficila cabsuu dandeesetti. Yero kana Keeniyaanis kubbaniyaa IBEA jedhamuuf kennamte ture. Haa ta’u malee bara 1895tti Mootummaan Ingilizii ofumaa Keeniyaa bulchuu waan calqabeef warra Siwahii irraa mormii guddaan isaan mudate. Fincilli isaanis Mizru’ii jedhama ture.
Fincilli kan calqaba gosuma Mizru’ii jedhamu keessatti sababa aangoo walharkaa fudhachuun godhacuun ture. Wal-dhabdeen duraan gosa Mizu’ii giddutti dhalate gara fincila guddaatti jijjiirame mootummaa Ingilizii raasuu calqabe. Kanaafuu Ingiliziin warra duraan bulchaa turte dhiistee Arabotni, Zanzibaarii fi Omaan qarqara Keeniyaa jiran akka naannoo sana bulchaan goote. Toofta addaan qooduu hojiirraa oolchuudhaan Ingiliziin bulchiinsa ishii keeniyaa keessattis cimsite.
2.2.2.Faccee Ittisa Sirna Kolonummaa Afrikaanota Isa Lamaaffaa
Qabsoon farra kolonumma sadarkaa olaanatti kan ce’ee baroota waraana addunyaa lamaan giddutti ( 1919-1939) gaggeeffame .. Mormiin kun warreen kana duraa irraa garaagarummaa qaba. Naannoolee Afrikaa adda addaatti amaalii fi kaayyoon mormii kanaa garaagaraa ture. guddaa Afrikaanota irratti raawwateetti. Mormiin Afrikaa dhihaa keessatti gaggeeffame :
 Magaaloota kan wiirteffate,
 Hayyoota kan of keessatti haammate ,fi
 Karaa nagaatiin kan gaggeeffame ture. Tooftaaleen qabsoo nagaa kun hiriira nagaa,peetishinii fi walga’ii turan.Qabsoo kana gurmeessuukeessatti qamoleen shoora olaanaa taphatan Waldaalee ogummaa kan akka waldaa barsiisotaaa,ogaayyii yaalaa fi dafqaan bultootaa turan.
Kolonii Beeljiyem Kongoo keessatti Maanni amantii kristanaa Simoon Kimbaanguun hogganuu (1921) Mormii guddaaf Afrikaanota kakaaseera. Kimbaanguun acuuccaa kolonummaa irraa bilisa ba’uun jaalala waaqayyoo ta’uu lallabuun duukaa buutota hedduu horateera. Sochiin kunis Kimbaanguwizim jedhamuun moggaafame. Duuka buutonni isaa ashuuraa kaffaluu fi oomisha gurguraa oomishuu diduun qabsoo ittifufan. Haa ta’u malee Kinbaaguun qabamee wayita hidhamu duukaabuutoonni isaa osoo hin milkaa’iin hafan. Waldaan hojjettoota Afrikaa yeroo kanatti hundeeffamaniiru.
Waraana addunyaa tokkooffaa booda waldaan hojjettootaa Afrikaa keessatti hundeeffaman muuxannoo kan hin qabne yo ta’aniyyuu hojii dhaabuun fooyya’ina kaffaltii fi haala hojii mijaawaa gaafataniiru. Akka fakkeenyatti hojettoota albuudaa fi daandii baabura Giinii, Seera Liyoon, fi God Kosti kaasuun ni danda’ama. Bara 1935 hojjettoonni sibiila diimaa Roodeshiyaa Kaabaas fincila kaasaniiru. Gold Kosti keessatti qonnaan bultoonnis fincilaa kaasuun hiriira naga ba’aniiru. Qonnaan bultoonni kun federeshinii Qonnaan bultoota kakkawoo jedhu hundeessuun gatiin kaakkawoo yoo dabalame malee akka hin gurgurree waliigaluun mormii isaanii calqaban. Keessummaa yeroo waraana Addunyaa tokkoffaa oomisha isaanii gabaaf dhiyeessu diduun mormii isaanii ibsaniiru.
Waligala bara 1920 fi 1930 keessaa Afrikanota waldaalee of-gargaarsaa jedhu hundeessuun acuuccaa koloneeffattootaa mormaniiru. Yeroo kanatti beektonni Afrikaa kan akka barreessitootaa, barsiisotaa, lubootaa fi daldaltootaa suuta suutaan kan guddachuu calqaban keessuma Baha, Dhihaa fi giddugaleessa Afrikaatti beektonni acuuccaa dingdee, hawaasummaa fi siyaasa mormuu calqaban. Wayitaa kana Afrikaanootni gaaffii bilisummaa hin dhiyeessine. Gaaffiin isaanii kan bu;uurreeffate ture sirna bulchiinsa kolonii jalatti haalli jireenya Afrikaanoota akka foyyaa’u ture.
Kana jechuun Afrikaanootni bulchiinsa kolonummaa keessatti bakka bu’oota uummata isaanii ta’udhaaf, sochiiwwaan dinagdee keessatti hirmaachuuf warraa adii waliin caarraa wal qixaa argachuu, loogii haalluu bifaa fi lafa Afrikaanota samammuu irraa hanbisuuf ture. Haatahu malee, koloneeffatootni gaaffii laafoo kanaf deebii laachuuf qophii hin ture. Sababa kanan sabbontoonni Afrikaa sirna kolonummaa Afrikaa keessa yoo hiddaan buqaa’e malee mirga Afrikaanoota sirna kolonummaa jalatti kabachiisisuu kan hin dandaa’amner ta’uu isaa hubataniiru. Hubannoon kun waraana addunyaa 2ffaa (1939-1945) booda moormii qabsoo sabbonummaa akka jalqabu taasiseera.
a) Fincila Uummata Giddugaleessa Kibba Afrikaa
Ingiliziin bara 1889 pirotektoretii giddu galeessa Kibba Afrikaa hundeessite,naanicha Niyaasaalandi jettee moggaafte. Niyaasalandi jechuun biyya amma Malawwii jedhamtu dha. Naannoo kana qabachuuf kan Ingilizii kakaase morka Poorchigal ture. Poorchugaal duraan Mozambiki waan qabatef. Pirotektoretii Niyaasalandii kan hogganu nama Harii Jonisteen jedhamu ture. Bara 1890 keessa bulchiinsa Jonistoon irratti lolii cimaan Afrikanota irraa isa qunnameera. Afrikanonni kunis kaneen armaan gaditti eeran,
Ummata fincile Bara fincilaa
Yahoo 1891 – 1895tti
Siwahilii 1995
Chewa 1895
Nigunii 1895 – 1899
Jonistoon waranicha kan gaggeesse maqaa “daldala garbaa balleessuu” jedhuun ture.Kunis deggarsa uummata Niyaanga aragachuuf kan yaadamee dha.
Niyaangonni baroota dheeraaf garbummaan gurgurama turan. Kayyoon Jonistoon garuu garbummaa balleessuu hin ture. Maqaa daldala garbaa balleessuudhaan naannicha koloneeffachuu dha. Jonistoon bakka bu’aa kubbaniyaa daldala Ingilizii (SA company) ta’uunis Kaaba Baha Rodeshiyaa keessatti socho’eera. Haala kanaan Seesil Roodee irraa maallqa guddaa argateera. Gargaarsa kanaan Joonistoon Niyaasaland kolonii Ingilizii tasiseera. Akkasumas namoota waliigaltee (treaty) mallatteessan Zaambiyaatti erguun fedhi Seesil Roodes akka eegamu godheera.
Warri Beembaa fi Nigunii garuu bakka bu’oota kubbaniyaa Roodes ciminaan mormaniiru. Haa ta’u malee Ingiliziin, mormii warra Beemba dadhabsiiseeti. Sababni isaa daldallii galii guddaa warraa Beembaaf argamsiisuu waan jeeqamee fi rakkoon aangoo qabachuu hoggantoota Beembaa giddutti muldhate qabsoo isaanii laafisuun kufiseera. Akkasumas meesha waraana Ingilizii (Maxim-gun) jala dhaabbachuu hin dandeenye mo’ataman. Kumatamni isaanii meeshaa ammayyaa kanaan wayita dhumna kanneen hafan qabeenyaa fi lafa isaanii samamuun gara dafqaan bulaatti deebi’uuf dirqamaniaru. Afrikaanoti lafa isaanii erga dhabanii booda dafqaan bulaa ta’anii Awurooppanotaaf hojjechuun dirqama ta’e.

b) Faccee fi qabamuu Moozaambiki
Sabootni Mozambii Kallattii adda addaan Koloneeffattoota Poorchugaal ofirraa faccisaa turaniiru. Isaan kana keessaa beekamoon kanneen armaan gaditti eeraman.
1) Kibbaan Impayera Gaazaa
2) Naannawa Laga Zaambeeziin Mootummaa Barwee
3) Kaabaan – Yahoo, Makondee fi Maku’a
Yeroo kanatti Imparerri Gazaa rakkoo adda addaa waan qabuuf ciminaan Poorchugaal faccisuu hin dandeenye. Rakkooleen kunis daangaa babaldhifachuu warra Pirazoo fi Impayerichaa keessaa humni guddan gara Kimbarlii fi Raanditti socho’uu isaani ture. Sababuma kanaan Poorchugal salphatti Gaazaa to’atte. Kana malees, Porchugaal Afrikanota adda qooduun ofuma isaanii deebi’ani akka wal-lolan walirratti kakaasuun akka wallolann fi tokkummaa akka hin qabanne taasisuun injifannoo argataniiru. Kana malees, Porchugaal meeshaan waraana Afrikaanotatti akka hin gurguramne gochuun, fayyadamoota ta’aniiru..DabalataanPorchugaalotni,meeshaa waraana ammayyatti fayyadamuun Afrikaanota irratti olaantummaa argachuun guutuumaan Moozaambiki ofii jala olchite.
2.3.Sochii Bilisummaa Biyyooleessaa Afrikaanotaaf Dhimmoota Haala Mijeessan

Gaaffii
Waraana Addunyaa lammaffaa booda biyyoonni Afrikaa bilisummaa akka argataniif wantoonni akka sababootatti gargaaraman maal fa’ii?
Biyyooni Afrikaa murtee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin bilisummaa argatan eenyu fa’ii?

Sirni kolonii Afrikaa keessaa halkan tokkoon kan caccabe miti. Adeemsa dheeraa fi qabsoo fi wareegama guddaa uummattoonni Afrikaa bakkeewwaan adda addaatti gaggeessaniin bilisummaan siyaasaa argame. Keessumattuu waraana Addunyaa 2ffaa booda haalli qabsoo Afrikaanoonni gaggeessan jijjiramaa kan dhufeefi bu’aa kan buuseedha. Kanaafiis sababoonni gargaarantu jiru. Isaan keessaa inni ijoon dhaabbileen siyaasaa qabsoo bilisummaatiif hundaa’an ijaaramusaaniiti. Dhaabbileen kunneenis akka jabaataniif sababoota turan keessaa:
 Lammiileen Afrikaa hedduun Waraana aAdunyaa 2ffaa keessatti hirmaachuun muuxannoo waraanaa fi haala itti qabsoon gaggeeffamu barachuu isaanii.
 Ilaalchi sabboonummaafi sochiin Paan-Afrikaaniziimii cimaa dhufuu.
 Hundeeffamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii.
 Waraana Addunyaa 2ffaa booda biyyoonni Awurooppaa Afrikaa keessaa kolonii qaban ilaalcha isaani jijjiirrachuu eegaluun warreen ijoodha.
Gochaa Barattootaa
Sababoota biroo dhaabbileen siyaasaa bilisummaa Afrikaatiif qabsaa’an akka hundaa’anfi qabsoo gaggeessaniif wantootni haala mijatoo uumuuf danda’an maal fa’ii?
2.4.Afrikaa fi Waraana Addunyaa Lamaan
2.4.1. Afrikaa fi Waraana Addunyaa Tokkoffaa
Gaaffii
Waraanni Addunyaa 1ffaa akka jalqabuuf wantoonni akka sababootatti turan maal fa’i?
Waraanni kun Afrikaa irraan miidhaa akkaamiin geessisee?
Biyyi keenyi Itoophiyaan waraana Addunyaa 1ffaa rratti hirmaatteetti? Yoo hirmaatteetti ta’e sababa maaliif keessatti qooda fudhattee?
Waraanni Addunyaa 1ffaa bara 1914 -1918 tti gaggeeffame. Waraanicha kan jalqaban biyyoota Awurooppaa yommuu ta’u booda garuu, biyyoonni addunyaa hedduun keessatti hirmaataniiru. Sababoota waraanichaa keessaa tokko wal-dorgommii siyaasaa fi dinagdee biyyoota duroomanii ture. Akkasumas saboonummaan sababa biraa kan ture dha.
Biyyoonni dhiibbaa fi bittaa biyyoota gurguddoo addunyaa jala turan fedhiin bilisummaa argachuu waraanaaf i saan kakaaseera. Waraanni kun Awurooppaa keessatti yoo jalqabame iyyuu booda gara ardiilee biraatti babaldhachuu danda’eera. Afrikaanis yeroo sanatti kolonii warra Awurooppaa waan turteef waraanichi Afrikaa miidhaa guddaa irraan ga’eera.Koloneeffattoonni rakkoo adda addaa yeroo kanatti isaan qunname furaachuuf jecha tarkaanfii garaagaraa kolonii isaanii irratti fudhataniiru.
Kanaaf gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan Afrikaanota rakkoo hedduun qunnameera. Afrikaanonni humna namaafi qabeenyaan waraanicha irratti qooda fudhataniiru.Loltoonni Afrikaa naannoo garaagaraa keessaa koloneeffatootan filatamanii ardiilee kanneen birootti geeffamaniiru. Humni oomishaa guddaan Afrikaa keessaa fuudhamee gara Awurooppaatti geeffameera. Keessumaa Ingilizii fi Faransaayi gargaaruuf Awurooppatti kan geeffaman hedduudha.
 Dhiibbaa waraanni Addunyaa Tokkoffaa Afrikaa irraan ga’e
Akkuma armaan olitti ibsame biyyooti Awurooppaa gurguddoon kolonii Afrikaa keessaa qaban lolicha gara Afrikaa fidaniiru. Bara 1914 waraannichi wayita jalqabamu Ingilizii fi Faransaayi walta’uun kolonii Jarman kan turan Toogoo fi Kaameruun weeraraniiru. Togoon battalumatti wayita qabamtu, kameruun waggoota lamaaf lola ittifufe.
Yeroo kanatti Mootummaan Afrikaa Kibbaa ammo kolonii Jarman Kibba Dhiha Afrikaa (Nambiyaa) qabatte. Lolli Yeroo dheera fudhate lola Jarman waliin baha Afrikaa keessatti gaggeeffamedha. Lolicha irratti humnii waraana Dhiha, Kibbaa fi Baha Afrikaa lioltoota Ingilizii waliin ta’uun hanga dhuma waraanichatti lolaa turaniiru. Humni Beeljiyeemiin hogganamus Ingilzii gargaaruun itti hirmaateera.
Yeroo kanatti humni waraana jarman gara Mozambiki, Niyaasalandii fi kaaba Roodeshiyatti baqateera. Lolli Baha Afrikaa fi Kameroon keessatti gaggeeffame uummata baadiyyaa irra miidhaa guddaa ga’eera. Uummati Keeniyaa fi Tanzaaniyaa kuma dhibba ol ta’an dhukkuba, beelaa fi hojii dadhabsiisaan lubbuu isaanii dhabaniiru. Akkasuma kaaba Afrikaatti wayita Ingiliziin Turkoota walin wal-loltu midhaan nyaata, gaalaa, jirbii fi humna namaa Misiritti fayyadamuun miidhan guddaa irraan ga’eera. Dabalataanis, humni waraana Misir gara Awurooppaatti geffameera.
Kana malees, yeroo kanatti Ingiliziin Kolonii ishee Seera Liyoon, Gold kostii fi Naayijeriyaa keessaa loltoota 50,000 ta’an gara Baha Afrikaatti geessiteetti. Akkasumas Faransayi loltoota lakkoofsi 150,000 ta’a Dhiha Afrikaa filuun gara Awurooppaatti geessiteetti. Humna kana keessaa 30,000 kan ta’an dirree waraana dhiiha Awurooppatti du’aniiru. Faransaayi humna waraana ishee deebiftee ijaaruuf dhiha Afrikaa keessaa loltoota filuu wayita ittifuftu mormiin guddaan ishee qunnameera. Faransaayi kolonii fi gammoojii sahaaraa yeroo kanatti of-jala galchite. Yeroo kanatti qabattee xumurte jehuudha. Waraana Addunyaa tokkofaa booda haalli kolonii Jarman attam ture?
Waraana Addunyaa tokkoffaa booda Liigiin biyyoota addunyaa (League fo Nations) hundeeffameera. Dhabbatni kun nagaa fi tasgabbii addunyaa eeguuf kan hundeeffame dha. Liigii kana keessatti Ingilizii fi Faransaayi bakka olaanaa qabu turan. Kanafiis kolonii Jarman kan turan irraa fuudhamaniiru. Ishaanis akkaataa armaan gaditti qooddataniiru.
1) Togoo fi Kameruun-Ingilizii fi Faransayitti kennaman
2) Riwaandaa fi Burundiin-Beejiyeemiif
3) Tangaanikaan-Ingilizitti kennamte
4) Kibbi Dhiha Afrikaa (Namibiyaan) Kibbaa Afrikaaf kennamte.
Biyyooti kunneen Ingilizii fi Faransayitti kan kennaman “Seera yabootiin akka bulchaniif ture. Kunis mirga uummattoota Afrikaa akka eeganiifi dingadee isaanii akka foyyessan, ofiin of-bulchuudhaaf akka qopheessan kan jedhuu ture. Seerri kun garuu dhugummaan hojiirraa hin oolle. Biyyootni “Mandate” jedhamanis akkuma kolonitti bulaa turan. Warri hirmaatan biyyoolee kana akkuma kolonitti bulchan. Haluma walfakkaatuun Afrikaa alattis biyyootni Ottomaan Turkii jala turan seeruma Liigii Biyyootaatiin Ingilizii fi Faransaayitti kennamaniiru. Fakkeenyaa:
1) Siriyaa fi Libaanos – Faransaayiif
2) Palestayinii fi Jordaan – Ingiliziif kennamaniru
Ingilizii fi Faransayii Ligii Mootummootaa keessatti olaantummaa qabu turan. Kanaaf, Kolonii Jarmanii fi Otomaan Turkii kan turan waraana addunyaa tokkoffaa booda to’achuu danda’aniiru.
2.4.2. Afrikaa fi Waraana Addunyaa lammaffaa
Bara 1935 loltoonni Xaaliyaa 120,000 ta’an kaaba karaa Ertiraa fi Kibba Somaliyaa irraan Itiyoophiyaa weeraran. Yeroo kanatti Mootii Hayla Sillaaseen Liigii Biyyootatti iyyannoo dhiyeeffachuuf biyyaa ba’an. Liigii biyyoota keessatti bakka guddaa kan qaban Ingilizii fi Faransaayi gaaffii Mootichaaf deebii hin kennine. Gootonni Itiyoophiyaa riphee loltummaan lola Ittifufan. Weerarri Xaaliyaanii garuu Itiyoophiyaa qofatti hin daangeffamne. Booda gara Kolonii Ingilizii “British Somali landi fi Misiriin weerarte. Yeroo faayidaan ishee tuqamu, Ingiliziin gootota Itiyoophiyaa waliin hiriirtee Xaaliyaanii loluuf murteessite. Ingilizin kolonii ishee Naayijeriyaa, Gaanaa, fi SeeraLiyoon Kibba Afrikaa, Roodeshiyaa fi Keeniyaa irraa loltoota filuudhaan Fashistoota irratti lola bante. Faransaayii fi Beljiyeemis Kolonii isaanii keessaa loltoota fuudhauun Ingilizii waliin hiriiraniiru.
Haala kanaan Caamsaa 1941 humna waraana Xaaliyaanii Itiyoophiyaa keessatti rukutame. Gootonni Itiyoophiyaa gargaarsa Ingiliziirraa argameen humna isaanii cimsuun Faashistoota irratti injifannoo argataniiru. Kaaba Afrikatti bara 1941 humni waraana Xaaliyaanii Libiyaa keessa jiru Misir weerare. Yeroo kanatti Hitleer warraana Jarman gargaarsa Xaaliyaaniif Kaaba Afrikatti erge. Kayyoon Jarman Bo’oo suwizii fi lafa boba’a (oilfields) Galoo Galaana Pershiyaa to’achuu ture.
Haa ta’u malee, Onkololessa 1942, humni waraana Ingilizii fi Ameerikaa waliin ta’uun Kaaba Afrikaa Morookoo fi Aljeeriyaa keessa qubatan. Yeroo kanatti adda waraana El Alame’in itti faashistoota irratti injifannoo argatan. Bara 1943, humni waraana Fashistootaa Kaaba Afrikaa itti barbadaa’e. Waraanichi Libiyaa fi Tunishiyaa irraan miidhaa guddaa ga’eera. Humni waraan Fashistootaa bara 1941 Baha Afrikaatti, bara 1943 ammoo Kaaba Afrikaa irratti barbadaa’e.
 Dhibbaa waraanni Addunyaa Lammaffaa Afrikaa Irraan Geessise.
Yeroo waraanni kun gaggeeffamaee turee ti Afrikaanootni humna namaa fi meeshaalee dheedhii kolonneeffatoota isaaniif deeggarsa kenna turaniiru. Fakkeenyaaf Faraansaay bara 1943 hanga 1945 ti , fakkeenyaaf loltoonni 100,000 ta’an Dhiha Afrikaa irraa dirqamaan lolaaf bobbaafteetti. Loltoonni kunneen kolonii Faransaayi keessa dirqamaan kan geeffaman dha. Bara 1941-42,Jappan wayita Kibba Baha Eeshiyaa to’attu, Afrikaan humnoota walta’aniif madda meeshaalee dheedhii taate ture. Yeroo kanatti Koloniin Faransayi Dhiha Afrikaa Ocholoonii fi Jirbii akka oomishan dirqamaniru. Kolonii Ingilizii Baha, giddugleessaa fi Kibba Afrikaa ammoo midhaan nyaata humna waaraanf akka oomishan taasifameera. Naayijeriaan albuuda adda addaa, Zaayeer ammoo oomisha qonnaa akka dhiyeessitu dirqisiifamaniiru.
Kanamalees Koloneeffatoonni oomishini gurguraa akka oomishamu fi oomishinni Afrikaa gatii xiqqaan akka gurguramu dhiibbaa godhaniiru. Bulchiinsi dhimma gabaa keessa gal’uun gatii oomisha to’achuun rakkoo uumeera. Keessumaa Ingiliziin Kolonii ishee keessatti boordii gabaa to’atu hundeesitee ture. Qaamni kunis oomisha Afrikanotaa gatii gurguraa gadi buusan kan to’atu dha. Afrikaanoti oomisha isaanii gatii xiqatti gurguruun dirqama ture. Koloneeffatoonni bu’aa guddaa oomisha Afrikaa irraa argamuun humna waraanaa cimsachaa turan.
2.5. Bilisummaa Argachuu Biyyoota Afrikaa
Xumura waraana addunyaa 2ffaa booda haalli bulchiinsa kolonii Awurooppaanotaa kan jijjirama dhufe dha. Haala bulchiinsa kana keessattis Ingliizii fi Faransaay fuula isaani gara inveestimantitti deebisuun olaantummaa kallattii dinagdeen jiru itti fufsiisuu kan barbaadan dha. Kaayyoon Awurooppaanoota akka waliigalatti, tajaajila hawaasummaa kanneen akka daandii, manneen barnoota, buufatalee fayyaa babbalisuun bifa itti gabaa Afrikaa keessa galii guddaa itti argamu danda’u hojii irra oolchuu dha.Haahatu malee, barri 1960 mootni yeroo itti sochiin bilisummaa Afrikaa itti cimaa dhufee dha.
Biyyoonni Afrikaa 17 ta’an bara 1960 qofati bilisummaa isaanii argataniiru. Kanafiis barri 1960n bara Afrikaanoota jedhamuun beekama. Cimaa dhufu qabsoo bilisummaa Afrikaanootaaf sababootni adda addaa ni jiru. Fakkeenyaaf waraana addunyaa 2ffaa keessatti hirmaachuun Afrikaanoota tooftaalee waraanaa fi muxxaannoowwaan kanneen biro akka barataniif carraa gaarii uumeef ture. Ilaalchi sabboonummaa fi laammiileen Afrikaa barnootaan cimaa dhufuun qabsoon Afrikaanoota humna akka godhatuuf haala mijeesera. Dhuma irrattiis hundeeffamuun dhaabbata mootummoota gamtoomanii sababa isa biro ta’u danda’a.
Armaan gaditiis biyyoota Afrikaa muraasaa adeemsa qabsoo bilisuummaa isaaniif bara itti bilisummaa argatan tokko tokkoon ilaala.
2.5.1. Bilisummaa Argachuu Biyyoota Kolonii Ingliiz.
1) Bilisummaa Argachuu Gaanaa.
Lixaa Afrikaatti kan argamtu fi kolonii Ingilizii kan turte dha. Akkasumas biyyoota lixaa Afrikaa dursuun bara 1957 bilisummaa ishi kan argattee dh. Maqaan Gaanaa jedhamuu kunis ka argamee erga bilisummaa argatteen booda yommuu ta’u duran maqaa Gooldi koosti jedhuun beekamti. Qabsoo bilisummaa Gaanaa keessatti qindeessaa kan ture Dokter Kuwame Nikruumaa kan beekaman fi bakka olaanaa kan qabandha.
Dhaabbatni siyaasaa qabsaa’a ture ( Convections Peoples Party) jedhamus Nikuruumaan kan hundaa’e dha. Dokter Kuwame Nikruumaan Gaanaan erga bilisummaa argatte booda pireezedantii jalqaba ta’uun aangoo qabateera.Innis barnoota isaa biyyaa Faransaay fi Ingiliiz keessatti hordoofa kan ture fi adeemsa qabsoo bilisummaa keessattis rakkoolee hedduu kan arge dha.
2) Bilisummaa Argachuu Naayijeeriyaa.
Gaaffii Marii
Wantootni adeemsa bilisummaa Naayijeriyaatiif gufuu ta’an maal?
Naayijeriyaan bara kami bilisummaa ishi argatte?
Naayijeeriyaan biyyaa uummattoota garaagarummaa bifa adda addaan qaban hedduu of keessatti kan hammate dha. Dhaabbatni siyaasaa bilisummaa biyyatiif qabsaa’a ture Kaawunsilii Biyyooleessa Naayijeriyaa jedhama innis bara 1944 dhaabbate. Hogganan waraana bilisummaa kanas Naamdi Aziikwee jedhama.
Naayijeeriyaaniis bara 1960 bilisummaa argatte. Haata’u malee, bilisummaa booda gara walitti bu’iinsa gosaa ti ce’uu dandeesse ti.
3) Bilisummaa Taangaanikaa
Gaaffii Marii
Taangaanikaan kolonii eenyuu turte? Bara kam koloneeffatatmte?
Fincilli farra kolonneeffatoota irratti taasifame ture maal fakkaata? Gaaffilee armaan olii kitaabilee adda addaa dubbisuun gareen marii’adha.
Dhaabbatni siyaasaa Gamtaa Biyyooleass Afrikaa Taanganikaa jedhamu, kan Doktor Juuliyees Nereereen hogganamu qabsoo gaggeessuun bilisummaa biyyaatiif gahee olaanaa taphateera. Bara 1958 filannoo siyaasaa gaggeeffameen Nereereen sagalee caalmaa argachuun hanga bara 1985 soorama bahutti pireezedentii ta’un bulchu danda’era. Zaanzibaar bara 1963 olaantummaa Araboota jala baahuun Tangaanikaatti makamuun lama isaaniis walitti dhufuun maqaa haaraa Taanzaaniyaa jedhamuun waamamu jalqaban.
4) Bilisummaa Yugaandaa
Dhaabbata siyaasaa Koongrasii Uummata Yugaandaa (Uganda peoples congras) jedhamu bara 1961 dhaabbaten bilisummaa argatte. Hudeessaan dhaabbtichas Doctor Miiilteen Obotee jedhama. Bara 1962 olaantummaa Ingiliiz jala baahuun Miilteen Oboteeniis mummichaa ministeera ta’uun aangoo qabachu danda’eera. Haatahu malee, bara 1971 fonqolchaa mootummaa ajajaa humna waraana Koloneel Idii Amiin Daadaa jedhamuun gaggeeffameen Milteen Oboteeen kun aangoo irraa bu’eera.
5) Bilisummaa Keeniyaa.
Dhaabbatni siyaasaa “Gamtaa biyyoolessaa Afrikaa Keeniyaa” jedhamu namtichaa qabsoo Keeniyaa keesatti bakka olaanaa qabu, Jomoo Keeniyaataa jedhamuun kan hundaa’e fi qabsoo gaggeessuun bara 1963 ti olaantummaa Ingiliiz jala baasuu kan danda’e dha. Adeemsa qabsoo Keeniyaa keessatti rakkoon mulate qubattonni adii hedduun biyyaatti keessatti argamuun gufuu qabsoo bilisummaa ta’e ture. Haatau malee gosan Keeniyaa warreen Maa’uu Maa’uu jedhamuun beekama qabsoo cimaa gaggeessuun milkaa’aniiru. Warreen Maa’uu-Maa’uu kunis kanneen lafti isaanii irraa fudhatame dha.
6) Roodeeshiyaa fi Niyaasaalaandii (Malawii).
Gaaffii Marii?
Bilisummaa argachuu Roodeeshiyaa fi Niyaasaalaandiitiif wantoota akka rakkoo ti tuan maal fa’i? gareen irratti marii’adha.
Biyyootni laman kun haala qilleensa qonnaa fi horsiisa looniif mijaata ta’e waan qabaniif qubbatoonni adii kan itti heddumatan dha. Akkasumaas naannoo g/galeessa Afrikaa kanatti lakkoofsi namoota baratanii xiqqaa ta’un adeemsa qabsoo bilisummaa naannichaatiif gufuu ta’u danda’era. Imammaatni bulchiinsa Ingiliiz naannoo kanatti gargaaramtees haala feedereshiiniin waliitti makuun bulcha turte. Adeemsa kana keessattis Roodeshiyaa bakka lamatti qooduun.

  1. Roodeeshiyaa Kibbaa (Zimbaabwee)
  2. Roodeshiyaa Kabaa (Zaambiyaa).
    Sirni feedereshiinii kunis bara 1953-1963 tiif hojii irra kan oole dha. Bara 1963 Roodeshiyaa Kaabaa erga bilisummaa argatteen booda Roodeshiyaan Kibbaa qabsoo ulfata dhaabbni siyaasaa
    “ Zimbabwe peoples union” fi “Zimbabwe African National Union” jedhaman kan Jooshuwaa Nikoomoo fi Robeert Mugaabeen hogganaman wal-jala boodan,qabsoo erga gaggeessan booda bara 1980 bilisummaa argachuu danddeesse ti. Dhaabbileen lama kunis bara 1987 walitti makamuun Pireezedantii jalqaba Robeert Mugaabee taasisuun aangoo siyaasaa qabateera.
    7) Qabsoo Bilisummaa Gibxii
    Bara 1882 irraa jalqabde kolonii Ingliiz kan turte dha. Yeroo kana irra jalqabees qabsoo gaggeessaa kan turte dha. Dhaabbatni siyaasaa “Wafd” jedhamuu hundaa’uun bara 1919 irraa kaasee qabsoo gaggeessaa tureera. Ingiliiz bara 1922 ti Gibxiif bilisummaa gar-tokkee kenniteef. Sababani isaasi looltuun Ingliiz guutumaan guutuutti biyya Gibxii keessaa hin bane ture. Qabsoo dheeraa booda bara 1956 ti bilisummaa argachuu dandeesse ti. Bo’oon Siwuuz madda walitti bu’iinsa ta’uun biyyoonni akka Israa’el fi Faransaay Ingliiziitiif deeggarsa kennuun waraanaaf qophaa’aniis lollichi garuu hin raawwanne. Sababni isaasi deeggarsa mootummaa Sooviyeet Raashiyaa waan keessa seenteef.
    8) Bilisummaa Sudaan
    Ingiiz Sudaaniin bakka lammatti qooduun bulcha turte. Sudaan Kaaba warreen amantaa Musilimaa hoordoofan itti heddumatani fi warreen Kaabaa amantaa kiristaanaa hordoofani dha.Sudaaniis bara 1956 bilisummaa ishi kan argatte yommuu taatu Ismaa’eel Al-Azaaharii mummicha ministeera ta’uun filatameera.
    2.5.2. Bilisummaa Argachuu Biyyoota Kolonii Faraansaay.
    a) Bilisummaa Argachuu Morookoo
    Faaansaay Morookoo tooftaa harka lafa jalan maqaa Sulxaanitti fayyadamte bulcha turte. Sulxaan Mohammad V dhaabbata siyaasaa “ Moroco Natioanal Front” jedhamu bara 1950 irraa kaasee hogganaa kan ture dha.Sulxaan Mohammad V namtichi jedhamuu qabsoo cimaa gaggeessa waan tureef booda irra Faraansaay gara Madagaarkaritti geessuun mana adabaatti darbatetti. Dhuma irrattis Morookoon bara 1956 bilisummaa argatetti. Sulxaan Mohammad V mootii jalqaba ta’eera.
    b) Qabsoo Bilisummaa Tuniiziyaa
    Qabsoo uummata Tiniziiyaa dhaabbata siyaasaa Niyoo Daasteer jedhamuun kan gaggeeffame yommuu ta’u dhaabbatichis bara 1952 kan hundaa’e fi namtichaa Habiib Buurgibaa jedhamuun kan hogganamu dha. Bara 1956 ti bilisummaa isaani argataniru. Kunis Faraansaay waraana Morokoo fi Aljeeriyaa keessatti gaggeessa waan jirtuuf looltu ishi bakka adda addaa ti qooduu ishii ti.
    c) Qabsoo Bilisummaa Aljeeriyaa
    Faraansayonni miliiyoona tokko ol ta’an Aljeeriyaa keessa qubatanii turan. Kanafiis Faraansaay Aljeeriyaatiif bilisummaa kennuuf fedhii kan qabdu hin ture. Dhaabbatni siyaasaa “National liberation front” jedhamu waggoota heddutiif qabsoo gaggeessaa tureera. Bara 1962 bilisummaa ishi kan argatt yommuu ta’u Ahmad Beenbeellaan Pirezadantii jalqaba ta’uun aangoo siyaasaa qabataniiru.
    2.5.3. Bilisummaa Argachuu Biyyoota Kolonii Xaaliyaanii.
    i. Qabsoo Bilisummaa Liibiyaa.
    Dhaabbatni siyaasaa obboleyyaan Musiliima nama Muhaammad Idriis al-Saanuus jedhamuun hogganamu qabsoo gaggeessaa tureera. Namni kunis erga taayita siyaasa qabatee booda fonqolcha mootummaa gaggeeffameen koloneel Mu’aammad al-Gaadaaf bakka bu’eera.
    ii. Qabsoo Bilisummaa Eertiraa.
    Bara 1890-1941 ti kolonii Xaaliyaanii turte. Kana boodas bara 1941 Ingliiziin qabatamte. Dhaabbileen siyaasaa adda addaa bilisummaa Eertiraatiif qabsoo gaggeessaa turaniiru.
    2.5.4.Biyyoota Afrikaa Kolonii Poorchugaal Turan.
    A. Bilisummaa Moozaambikii.
    Dhaabbatni siyaasaa FRELIM ( Freate de libertacao de Mozambique) jedhamu bilisummaa biyyaatiif qabsoo gaggeessaa tureera. Dhaabbatni kunis Taanzaniyaa keessati kan hundeeffame dha. Bara 1964 bilisummaa argatte.
    B. Bilisummaa Keeppi Vardii.
    Dhaabbni siyaasaa “Partido Africano da Independencial Guinii Verde “ jedhamu namticha Amiilkaar Kaabraa jedhamuun kan hundaa’e qabsoo gaggeessa turera. Adeemsa dheeraa boodas bara 1974 ti bilisummaa argatetti.

BOQONNAA SADII

  1. Seenaa Afrikaa Bilisummaan Boodaa
    Seensa
    Boqonnaan kun ta’eewwaan bilisummaa Afrikaa booda mulatan irratti xiyyeefachuun kan qophaa’e yommuu ta’u, as keessattis qabxiileen kanneen akka Niiyoo-koloniyaliizimii, hundeeffama dhaabbata tokkummaa Afrikaa fi dhaabbata naannoolee Afrikaatti adda addaa jiran gahee isaani waliin ka’amanii jiru. Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa erga hundaa’ee booda bara 1970moota hanga 1990moota keessa fedhii mootummoonni Afrikaa haala naannoo isaanii irrattibu’uureffachuun dhaabbilee adda addaa hundeessaa turan.Bu’uurri hundeeffama dhaabbilee adda addaa naannolee Afrikaa keessatti argamanis fedhii walgargaarsaa fi hariiroo gidduu isaanii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ture.
    Innis walta’insaa fi rakkoo dandamachuuf dhimmoota dinagdee (gabaa guddaa ijaaruuf),hawaasummaa (yeroo balaa tasaa,hongee fi beelaa),siyaasaa (karaa nagaan rakkoo hiikuu,raayyaa ittisaa walii ergisuu) fi aadaa naannoo isaanii waliin guddisuuf kan hundaa’ani dha.Fkn, Afrikaa dhihaa, bahaa,kibbaa, giddu-galeessaa fi kaaba Afrikaatti kan hundaa’an ni jiru.Dabalataniis, dhiibbaa waraanni ololaa Afrikaa fi Afrikaanoota irraan geessise,walitti bu’iinsa Koongoo,sirna Appartayyidii Afrikaa kibbaa keessatti fi qabxiileen biro baldhinaan boqonnaa kana keessatti ilaalla.

Kaayyoo Boqonnichaa:
Barattoonni erga boqonnaa kana xumuranii booda:-
 Hiika fi dhiibbaa Niyoo-koloniyaaliziimiin Afrikaa irraan geessise addaa baafatu.
 Dhaabbilee ykn waldaalee Lixa,Baha, Kibbaa fi giddu-galeessaa fi kaaba Afrikaatti hundaa’an addaan ni baafatau.
 Kaayyoo dhaabbilee ECOWAS,IGAD fi SADCni tarreessu.
 Dhiibbaa Waraanni Ololaa Afrikaa irraan geessise ni beekuu.
 Hanqinaa fi cimina dhaabbata tokkummaa Afrikaa ni himu.
 BilisummaaAfrikaa booda rakkoolee gama dinagde, siyaasa fi hawaasummaa Afrikaanota mudatan ni tareessu.
3.1. Niyoo- Koloniyaalizimii
Qabsoon bilisummaa Afrikaa bara 1970moota keessa bifa haaraa yeroo itti hordoofuu jalqabe. Innis imaammata impeeriyaalistoota isa niiyookoloniyaalizimii jedhamee beekamu irratti kan bu’uureffate ta’uu isaati. Amalli qabsoo kanaa akka waliigalaatti fi keessattuu Afrikaatti rakkoolee dhiibbaadiinagdee mariidhaan (compromise) maqsuu ykn xiqqeesuu, akkasumas rakkoolee siyaasaa sirna bulchiinsa kolonii irraa dhaalaan dhufan hanbisuu yaada jedhu dha.Niyoo-koloniyaalizimiin sirna walitti dhufeenya biyyoota guddachaa jiranii fi impeeriyaalistootaa ta’ee, kan hundaa’e imaammata impeeriyaalistootaa, samicha biyyoota reefu bilisummaa argatan irratti kan bu’ureefateedha.Tooftaan isaanii biyyoota Afrikaa dhiyeenya bilisooman irratti Olaantummaa dinagdee argachuudha. Kana hojii irra oolchuuf impeeriyaalistootni biyyoota Afrikaatiif gargaarsa dinagdeegochuuf haal-durewwaan siyaasaafedhii isaani guutan irratti hundaa’edha.
Haala kanaan dhimma siyaasaa biyyootaa keessa galuun, yoo mootummaan aangoo irra jiru isan dallansiisee mormitoota irratti kakaasuun, barbaachisaa taanaan ajeechiisuun, bilisummaa biyyootaagaaffii keessa galchaa turaniiru.Walumaa galatti, sirni kun dhimma diinagdee qofa irratti miidhaa kan geessise osoo hin taane dhimmoota akka siyaasaa, amantii fi aadaa hawaasa Afrikaanotaallee rakkoo keessa galcheera.
Gochaalee barattootaa
 Sirna bulchiinsa kolonii fi niyoo -koloniyaalizimii madaali?
 Bilisummaa booda haala siyaasaa fi dingdee Afrikaanotaa jiru jijjiiruuf gaheen – Mootummoota Afrikaa
-Dhaabilee Siyaasaa
-Dargaggoo Afrikaa
-Hawaasa Siiviili maali jetta?

3.2. Dhaabbilee adda addaa Sadarkaa Naannoo fi Ardii Afrikaatti.
3.2.1. Hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa.
Dhaabbatni tokkummaa Afrikaa bilisummaa biyyoota Afrikaa booda bara 1963tti,bakka bu’oonni mootummoota Afrikaa 32n ,magaala Finfinneetti hundeeffame.Biyyootni Afrikaa kanneen hafan immoo wal duraa boodaan miseensata’uu danda’aniiru. Haaluma kanaan mootummaan kibba Afrikaa bara 1994 tti miseensa taateerti. Dhaabbanni tokkummaa Afrikaa adeemsa dheeraa keessa darbee kan hundeeffame yoo ta’u kana keessatti hooggantoonni siyaasaa fi beektoonni Afrikaa gahee olaanaa taphataniiru.
Gaaffii Marii
 Tokkummaa Afrikaa adeemsa akkamii keessa bahee sadarkaa hundeeffamu irra gahuu danda’ee?
 Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa kaayyoo maaliif dhaabbate ?
Dhaabbatni tokkummaa Afrikaa adeemsa hundeeffamuu isaa keessatti biyyoota adda addaatti walgahiiwwan baayyee keessa darbeera.Isaanis
Gamtaa Gaanaa-Giinii bara 1958yoo hundeeffamu, Maliin immoo bara 1961tti miseensa taatee koonfiraansii jalqabaa gaggeeffame. Garee kaazaabilaankaa immoo biyya Morookootti Kiwaamee Nikiruumaan kan hoogganamu bara 1961tti gaggeeffame. Miseensoni garee kanaa Gaanaa, Giinii, Maalii, Morookoo, Misir fi Aljeeriyaa turan.Baruma kana keessa walgahiin biraa magaala Liwooppooldivillee tti gageeffamuun kan ka’e garaagarummaan yaadaa isaan gidduutti uumamuu danda’eera.
Garee Monorooviyaa magaala Laayibeeriyaa caamsaa 8-12 , bara 1961 kan gaggeeffame yoo ta’u biyyootaakka Laayiibeeriyaa, Kooti divoor, Kaameruun, Seneegaal, Togoo, Beeniin, Chaad, Niijeer, Burkinafaasoo, Koongoo-Biraazaavil, Gaaboon, Itoophiyaa fi Libiiyaa of keessatti hammata. Gama birootiin gareen Biraazaavil bara 1960tti erga wlagahanii booda quunnamti kolonii Faransaayi waan turaanif walitti dhufeenya mootummaa Faransaayi waliin uumuu fedha agarsiisan .
Walumaa galatti, biyyoota Afrikaa gidduutti dhaabbatni tokkummaa Afrikaa hundeessuuf ilaalchaa fi yaadni adda addaa uumamuu danda’eera. Fakkeenyaf,Akka Dr. Nikiruumaan jedhutti Afrikaan bilisummaa guutuu gama dinagdee fi siyaasaan tokko taatee Mootummaa tokkummaa Afrikaa (united state of Africa) jiraachu qabdi isa jedhu amana. Garuu yaadni kun galma ga’uu hin dandeenye. Sababni isaas rakkoo biyyoota bilisumma argatan keessatti mul’ateen ture.
Dhaabbatni tokkummaa Afrikaa caamsaa 25, 1963 bakka bakki bu’ootni mootummoota Afrikaa 32 argamanitti magaala Finfinneetti hundeeffame Magaalaan Finfinnees handhuura dhaabbaticha taate.Kana boodas biyyootni Afrikaa kunneen tokko tokkoon miseensa ta’uu danda’aniiru .
Gocha barataa
 Kaayyoon Dhaabbatni tokkummaa Afrikaa maal ture ?
 Dhaabbatni tokkummaa Afrikaa yoomii fi eessatti hundaa’e?
 Ciminnii fi hanqinni dhaabbata kana hoo maali ture jettee yaadda ?
3.2.2 Kaayyoo Dhaabbata tokkummaa Afrikaabban
Dhaabbanni tokkummaa Afrikaa kaayyolee heddu qabaatuyyuu isaan keessaa ijoon kanneen armaan gadiiti.
• Bilisummaa, Walqixxummaa fi Mirgoota uummataa Afrikaaf qabsaa’uu.
• Mirgootni naamummaa Afrikaa keessatti akka kabajamu gochuu
• Gamaa siyaasaan, dinaagdeen fi hawaasummaan qabeenyaa uumamaa fi humna namaa walitti fiduudhaan ardii Afrikaa keessatti guddina ariifachiisaa fiduu.
• Daangaa biyyoota Afrikaa kabachiisuu
• Sirna kolonii Afrikaa keessa balleessuu dha.
Akkasumas dhabbatni Tokkummaa Afrikaa, dinagdee Afrikaa guddisuuf dhaabbileen naannoo akka hundaa’aniif shoora olaanaa taphateera. Fakkeenyaaf:-
 Waldaa dinagdee Lixa Afrikaa
 COMESA
 IGAD fi k.k.f
Kaayyoo Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa keessaa galma gahe jedhamee kan yaadamu biyyoota Afrikaa sirnaa koloni jalaa baasuufyaaluu isaati .
 Caasaalee Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa
Dhaabbatni kamiyyuu kaayyoo isaa galmaan gahuuf haala isa dandeessisuun gurmaa’uu fi caaseffamuu qaba.Haaluma kanaan DhaabbatniTokkummaa Afrikaa kaayyoo isaa fiixaan baasuuf qaamman gurguddaa afuritti addaan bahee caasseffameera. Isaanis:-

  1. Yaa’ii Waliigalaa(General Assembly)- qaama olaanaa ta’ee waggaatti al–tokko walga’ii idilee biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti dabareen bakka bu’ootni mootummootaan beeffama. Qaamni kun dhimmoota gurguddoo Afrikaa irratti murtii dhumaa kennuuf aangoo qaba.
  2. Mana Marii Ministeerotaa (council of ForeignMinisters):- waggaatti si’a lamaa fi yeroo barbaachisaa ta’etti wal argu. Qaamni kun ministeerota biyya alaa of keessatti qabata. Itti gaafatamaan mana marii ministeerotaa kan yaa’ii waligalatti.Hojiiwwan yaa’ii waliigalaa irraa kennaman mara raawwata.Akkasumaas biyyoota Afrikaa gidduutti qunnamitiin gaariin akka uumamuuf ni carraaqu.
  3. Koree Hojii Raawwachiiftuu (secretariat) Koreen kun barreessaa olaanaa tokkoo fi barreessitoota itti aantotaan hoogganamaa.Miseensotni kunis tajaajila waggaa afuuriif filatamu.Teessoon mana hojjii kanaas Finfinneetti argama.Hojii guyyaa guyyaan dalagamu ni raawwatu .
  4. Komiishina Araaraa fi Komiishinoota kan biroo :-as jalatti ogeeyyii hayyoolee gahumsa qaban qacaraman dhimmoota adda addaa raawwatu. Isaanis:-
    1) Komiishina dhimma dinagdee fi hawaasummaa
    2) Komiishina barnootaa, saayinsii,aadaa fi fayyaa
    3) Komiishina nageenyaa fi tasgabbii (peace and security) dha .
    Dalaga barataa
    Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa rakkoowwan isa mudatee ture tarreessi ?
    Hojiiwwaan milkaa’ina DHaabbata Tokkummaa Afrikaaagarsiisan himi.
    Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa hanga tokko hojiiwwan inni raawwate keessaa muraasni isaan kanneen arman gadiiti:-Walitti bu’iinsa bara 1964-1965 Aljeeriyaa fi Morookoo gidduutti umame karaa nagaatiin furmaata akka argatu taasiseera.Akkasumas Chaadkeessatti bara 1980 tti lola waliin waliiniiumame karaa nagaatiin hiikeera.Dhaabbata mootummoota walta’an keessatti garee dhimmoota ardii Afrikaa ilaalu tokko dhaabeera.Ta’uu iyyu garuu, hundeeffamuu ykn bilisummaa argachuu Afrikaa booda rakkooleen hedduun ardii Afrikaa keessatti mullataniiru.Rakkoon kunis dhaabbata haaraa kanaaf hojii manaa ta’aniiru. Fakkeenyaaf:-
     Hoogantoonni mootummoota Afrikaa hedduun isaanii fonqolcha waraanaa walirratti gaggeessuun taayitaa qabaachuu
     Walitti bu’iinsa daangaa
     Bulchiinsa paartii tokkoo
     Walitti bu’iinsa qomoo, sanyiin, amantaan fi k.k.n
     Hirkannaa dinagdee biyyoota induustiriin badhaadhan irratti fi k.k.f dha.
    Fakkeenyaaf:-Sudaan kaabaa fi kibbaa jidduutti waraanni waliin waliinii yeeroo dheeraaf taasifame. Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaas rakkoowwan kana furuuf tarkaanifiiwwan inni fudhate muraasa.Kun immoo ardicha keessatti tasgabbibarbaachisu fiduu hin barbaachisu iduu dandeenye.
    Kanamalees, yeroo Waraana ololaa biyyootni Afrikaa harka Sooviyeet Raashiyaa fi Amerikaa galuu danda’aniiru.Akkasumaas dhiibbaan karaa koloneeffattoota duraanii irraa cituu hin dandeenye.
    3.2.2. Hundeeffama Dhaabbilee Sadarkaa Naannootti.
    I. Lixa Afrikaa fi Dhaabbata Naannoo Sanaa
    Biyyoonni dhiha Afrikaa jalatti ramadaman Beeniin,Burkina Nafaasoo,KeeppiVerdee,KootideIyivoorii,Gaambiyaa,Gaanaa,Giinii,GiiniiBissaa’uu,Laayibeeriyaa,Maalii,Moortaaniyaa,Niijeer,Naayijeeriyaa,Seneegaal,Seraa Liyoonii fi Togoo dha.Afrikaa Lixaatti dhaabbanni dhimmoota dinagdee, hawaasummaa fi aadaa guddisuu fi jajjabeessuuf kan hundaa’e waldaa dinagdee mootummoota Afrikaa Lixaa ( Economic Community of West African States ) (ECOWAS)jedhamee beekamudha.
    Hawaasummaan/waldaan kun bara 1975tti waliigaltee magaalaa Leegoos Naayijeeriyaatti taasifameen dhaabbate.ECOWAS hojii isaa idilee kan eegale bara 1977tti ture.Miseensota biyyoota 16 arman olitti ibsaman of keessatti qabata.ECOWAS kan oogganamu barreessaa dhaabbatichaan ta’ee magaala Leegoos,Naayijeeriyaatti argama.Hundeeffama isaa irraa eegaleeDhaabbanni kun daldala bilisaa uumuuf sochii guddaa taasisaa tureera.Kunis suuta suutaan daangaa sochii daldalaa, tajaajilaa fi uummata biyyoota miseensa ta’an gidduutti hir’isuuf carraaqeera.
    Geejjibaa fi qunnamtiin biyyoota naannolee kana gidduutti akka fooyya’u hojjeteera.Miseensonni dhaabbata kanaa tokko tokko garuu,ergamaa fi waliigaltee taasifame hojii irra oolchuu fi imaammata biyya keessatti baasuu fi kaffaltii(funds) dhaabbatichaaf oolu baasuu irratti boodatti harkifachuun mul’achaa ture.Dhaabbanni ( ECOWAS ) kun bara 1990moota keessa huma ittisaa (military) ijaaruun naannicha keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera.
    Dhaabbanni kun bara 1990 irraa eegalee toftaa ittiin walitti bu’insi karaa nagaatiin hiikamu danda’uu fi miseensonni kun hundi gidduu isaaniitti rakkoo olaanaan akka hin uumamneef haala mijeesseera.Baruma kana ECOWAS, garee to’attootaa ( monitering Group of ECOWAS ) (ECOMOG), human nagaa eegdotaa,gara Laayibeeriyaatti erguun waraana waliin waliinii biyyittii keessa ture araarsuuf yaalii taasiseera.Yaaliin ECOWAS araara buusuuf gaggeeffame otoo hin milkaa’iin hafee waraanni Laayibeeriyaa hanga 1993tti itti fufee ture.
    Bara 1994tti mootummaa cee’umsaa Laayibeeriyaa keesaatti hundeeffame waliigaltee nagaa mallatteessuun shoora olaanaa taphateera.Ammas bara 1996 waraanni haaraan gareewwan mormitootaa gidduutti yemmuu dho’u ( ECOMOG ) dhaabbaticha humna waraanaa isaa magaalaa guddittii Laayibeeriyaa,Monorooviyaa keessa nagaa buusuuf qubachiiseera.
    II. Dhaabbilee Naannoo Baha Afrikaatti
    Gaaffii Marii
    1.Garaagarummaa IGAD fi IGADD gidduu jiru adda baasii ibsi.
    2.Kaayyoon IGAD ijaarameef maali?
    Dhaabbilee baha Afrikaatti argaman keessaa tokko dhimma rakkoo baha Afrikaatiif kan hundaa’e IGAD dha.IGAD (Inter-governmental Authority for Development) walta’insa mootummoota baha Afrikaa dursa misoomaaf yaada jedhu of keessaa qaba.IGAD miseensota akka Jibuutii,Itoophiyaa,Keeniyaa,Somaaliyaa ,Sudaanii fi Ugaandaa ti.GaruuSudaan akka qoodama naannolee Afrikaa yeroo ammaatti teessuma lafaatiin kaaba Afrikaatti argamti.
    Waajjirri dhaabbata IGAD inni guddaan yeroo ammaa magaala Jibuutii Jibuutiitti argama.IGAD inni amma jedhamu kun dhaabbata dura IGADD “Inter-governmental Authority On Drought and Development” isa jedhamu ture.Bara 1986 biyyoota baha Afrikaa jaha, Jibuutii,Itoophiyaa,Keeniyaa,Somaaliyaa,Sudaan fi Ugaandaadhaan hundeeffame.Biyyoonni kun bara 1986tti hongee cimaatiin rukutamanii ture.Rakkoon biyyoota kana walitti harkisee walitti gurmeesse hongee kana ture.Waggaa torba booda,bara 1993 Eertiraanis miseensa dhaabbatichaa taateetti.Bara 1996tti biyyoonni miseensa dhaabbatichaa kanneen ta’an barbaachisummaa IGADD hubachuun rakkoowwan dhimmoota siyaasaa,hawaasummaa fi dinagdee naannichaan walqabatan hambisuuf aangoo guddaa IGAD f kenneera.Kaayyoon waliigala IGAD, hojii ittigaafatamummaa dhimma siyaasaa,mirga dhala namaa fi misooma dhimmoota dinagdee fi hawaasummaan walqabatan hojjechuuf bifa haaraan hundaa’eera.
    Akkasumas fedhii mootummoota miseensa ta’aniin qabeenya fi biyya isaanii akka fooyyeffatan jajjabeesseera.Kaayyoowwan gooree dhaabbbatichaa ( IGAD) immoo:-gufuuwwan misoomaa hambisuun naannoo mijataa uumuun misooma naannichaa fooyyessuu, faalama qilleensaa dhabamsiisuuf pirojeektii karoora kana jajjabeessu hojjechuu, walitti bu’insi miseensota gidduutti akka hin uumamne ittisuuf kkf.
    Yaalii walitti bu’insa hambisuu keessatti taasise keessaa:
    • Walitti bu’insa daangaa Itiyoo-Eertiraa
    • Walitti bu’insa daangaa Sudaanii fi Eertiraa
    • Walitti bu’insa daangaa Eertiraa fi Jibuutii ture.
    Haa ta’u malee yaaliiwwankun sababoota adda addaa irraa kan ka’e milkaa’uu hin dandeenye.
    III. Dhaabbilee NaannooGiddu-galeessa Afrikaa
    Jalqaba naannoo kanatti akka waldaa aadaatti kan hundaa’e waldaa aadaa Kibba Afrikaati.Akka miseensaatti Rippaabilikii Afrikaa Kibbaa,Bootiswaanaa,Leseetoo fi Siwaaziilaandii turan.Booda Namiibiyaan Afrikaa Kibbaa irraa bilisa taatee jiraachuu barbaaddus hariiroo ishee kutuu hinbarbaanne.Yeroodhuma kanatti bara 1980 mootummoonni gurraachota Afrikaa(Black African States) faallaa kanaa naannoo kanatti hundaa’uun,dhiibbaa Afrikaa kibbaa jalaa bahuuf dhaabbata SADCC(Southern African Development Coordination Conference) jedhamu hundeeffatan.Biyyoonni naannoo kibba Afrikaatti argaman hedduun isaanii buufata doonii qarqara bishaanii hinqaban.Taanzaaniyaan garuu karaa Daare-salaam qabdi waan taateef dhaabbata naannoo gabaa filatamaa(Preferencial Trade Area) (PTA) hanga bara 1985tti miseensa hintaane.Dhaabbanni kun booda Taanzaaniyaa dabalatee miseensa biyyoota 15 ol ta’an kan qabu dha.
    Booda gara”Southern African Development Community”(SADC) dhaabbata misooma Kibba Afrikaa jedhameera. Dhaabbanni guddaan kan biroo naannoo kanatti beekamu COMESA(Common Market For Eastern and Southern Africa) dha.Waldaan gabaa waliinii bahaa fi kibba Afrikaa jedhamu kan hundaa’e Sadaasa,1993tti magaala Kaampaalaa,Ugaandaatti ture. Itoophiyaanis fi miseensa dhaabbatichaas qabeenya uumamaa fi humna namaa waliin gurmeessuun naannoo isaani akka misoomsaniif kan dhaabbatedha.

COMESAn,Preferential Trade Area(PTA) duraanii bakka bu’e.Bakka daldala filatamaan(PTA)n kan hundaa’e bara 1981tti ture.Xiyyeeffannoon guddaan COMESA dinagdee fi daldala guddaa uumuudha.Innis mootummoota naannoo kana keessatti argaman gidduutti gufuu jiran maqsuun daldala babal’isuu irratti xiyyeeffata.
Biyyoota miseensa ta’an 20 ol of keessatti hammachuun Walta’insaa fi misooma naannoo kanaa guddisuuf waajjira dhaabbatichaa babal’iseera.
Dabalataanis,bara 1998 manni murtii haqaa COMESA jalatti hundaa’uun hojii isaa idilee eegaleera.
IV. Kaaba Afrikaa fi Dhaabbata Naannoo Sanaa
Kaabni Afrikaa bilisummaa argachuuf keesumattuu bilisummaan Aljeeriyaa boodatti harkifatee ture.Boodas hariiroo isaani gara koloneeffattuu isaanii duraa Faransaayi waliin taasifachaa turan.
Biyyoonni kaaba Afrikaa jedhaman hedduun isaanii Liigii Arabootaa (Arab League) keessatti miseensa ta’anii jiru.Liigiin Arabootaa biyya Eertiraas ni dabalata.Liigiin kun walta’insa amantii fi siyaasaa of keessaa qaba.
3.3. Waraana Hololaa fi Afrikaa
3.3. 1.Seenaa Gabaabaa Waraana Hololaa (Cold War)
Guyyaan waraanni hololaa itti jalqabe sirriitti himuun kan nama rakkisu ta’ullee lolli kun bara 1946 kaasee akka eegale beektonni seenaa ni ibsu. Waraana Addunyaa 2ffaa booda mootummaa Tokkummaa Ameerkaa (USA) fi Sooviyeet Yuniyeen (Soviet Union) mootummoota Addunyaa warra ciccimoo ta’uu danda’aniiru. Hata’u malee, Mootummoonni kun lameen yaada siyaasaa fi dinagdee adda addaa hordofu. Garaagarummaan yaada (ideology) siyaas-dinagdee isaan gidduutti uumame kunis jibba guddaa fide.
Waraanni yaadaagaraagarummaa siyaasaa fi diinagdeen Ameerkaafi Sooviyeet Yuniyeen gidduutti godhame kun waraana hololaa (cold war) jedhamee beekama. Waraanni kunis sababa diigamuu sirna koominizimii biyya Tokkummaa Sooviyeet durii bara 1991 tin xumurame.
Mootummaan Sooviyeet Yuniyeen sirna Kooministii kan hordofu yennaa ta’u sirna kana keessatti mootummaan oomishaa fi qabeenya hunda to’ata. Sirna kana keessatti uummanni eessa akka jiraachuu qabu fi maal akka hojjetu kan murteessu mootummaa ture.
Tokkummaa mootummaa Ameerkaa immoo biyya Kaappitaalistii turte. Sirna Kaappitaalisimii keessatti nama fi maallaqatu oomishaa meeshaalee (goods) to’ata. Kana jechuun, namoonni eessa akka jiraachuu qabanii fi maal akka hojjechuu qaban uummatumatu mataa isaaniin murteeffata waan ta’eef mootummaan murtee kennuu hindanda’u.Waraanni ololaa kunis kan jalqabe ardii Awurooppaa keessatti wayita mootummaan Sooviyeet biyyoota Awurooppaa Bahaa to’annoo ishee jala galfattetti ture.
Kunis wayita Sooviyeetiin biyyoota akka Baltic (Baltic States like Latvia, Ruthenia, Estonia, Ukrain,) akkasumas gartokkee Jarmaani fi gartokkee magaalaa Barliin dabalatee to’annoo ishee jala galfachuun biyyoota Dhihaatiif soda guddaa taate. Yeroo dhuma kanatti USA, Ingiliz (Britain) fi Faransaay (Allied forces) immoo Jarmaan Dhihaa fi magaalaa Barliin gara Dhihaa to’annoo isaaniin jala galfachuun Jarmaaniin yaada siyaasaa (ideology) lamatti qooduu danda’aniiru. Lolli kun Jarmaaniin Dhihaa fi Jarmaan Bahattiqooduun bakka ilaalcha siyaasaa adda addaa jalatti kuffiseera.Waxabajjii 1948 keessa mootummaan Tokkummaa Sooviyeet karaa lafarraa fi daandii baaburaa magaalaa Barliin Dhihaatti geessu cufuun dhiheessi meeshaalee adda addaa akka hindabarre gochuu jalqabde.
Gochi Raashiyaa kunis meeshaaleewwan USA, Bireeyinii fi Faransaay Jarmaan irraa galfachaa turan akka addaan citu godheera. Sababa kanaan humni qilleensa Ingiliz (English Airlift) mootummaa Sooviyeet irratti tarkaanfii fudhachuu danda’eera. Walitti bu’insi biraa waraanni hololaatin wlqabatqoodamuu KooriyaaKaabaa fi Kooriyaa Kibbaati.Kooriyaa Kaabaa Kooministii yennaa taatu Kooriyaan Kibbaa immoo Kaappitaalistii ta’uun dhiibbaa yaada siyaas-dinagdee warra Dhihaa jala galuu dandeesse.
Sababa uumamuu garaagarummaan idooloojii kanaan humni loltoota Kooriyaa Kaabaa Kooriyaa Kibbaa akka weerartu godheera. Lola Kooriyaa Kaabaa fi Kooriyaa Kibbaa gidduutti uumame kanaaf furmaata kennuuf Dhaabbatni Mootummota Gamtoomanii (UNO) loltoota erguun Kooriyaa Kibbaa deggaree Kooriyaa Kaabaa waraane. Gama biraatiin Chaayinaan Kooriyaa Kaabaa deggaruuf loltoota ishee ergite. Lolli Kooriyaa kunis gama lameenuu utuu injifannoon hinargamiin bara 1953 kan xumurame ta’ullee Kooriyaan hanga ammaatti lamatti qoodamuun Kooriyaa Kaabaa Kooministii, Kooriyaa Kibbaa immoo Kaappitaalistii hordofuun adda baatee hafuu dandeesseetti.
Dhimmi waraana ololaatin walqabatu kan biro immoo Mootummaan Tokkummaa Ameerkaa fi Sooviyeet Yuniyeen waldorgommii misooma fi humna niyuukilarii (nuclear arms race) guddaa keessa galan. Bu’uuruma kanaan bara 1959tti wayita Kuubaan biyya Kooministii hordoftu taatu mootummaan Sooviyeet dhoksaan (iciitiidhaan) misaa’ela Kuubaa keessa dhaabbatte. Wayita mootummaan Sooviyeet misaa’ela Kuubaa keessa dhaabbatte Piresidaantii Ameerkaa yeroo sanii kan ture, J. F. Keneediin Raashiyaan Ameerkaa rukutti jechuun yaaddoo keessa galee waan tureef humna waraana galaana irraa gara sanatti erguun Kuubaa marse.
Akka yaada Keneeditti tarkaanfiin Kuubaa marsuun fudhatame kun humna misaa’ela Raashiyaatti karaa waan cufuuf humni misaa’ela Sooviyeet Kuubaa gadhiisee akka ba’u godha jedhee ture. Walitti bu’insi yaada USA fi Sooviyeet Yuniyeen Kuubaa irratti godhan kunis seenaa waraana hololaa keessatti kufaatii misaa’ela Kuubaa (Cuban missile crisis) jedhamuun beekamu. Lolli kunis guyyoota ja’aaf lolli niwuukileraa biyyoota Kaappitaalistii (USA) fi biyyoota Kooministii (Russia) gidduutti erga godhame booda Sooviyeet misaa’eloota ishee Kuubaa keessaa baasuuf dirqamteetti.
3.3.2. Lola Hololaa fi Afrikaa
Waraanni hololaa jalqabe irratti biyyoota olaanoo (super powers) gidduutti kan gaggeeffamuu jalqabe ta’ullee suuta suutaan biyyoota Addunyaa heddu hirmaachisuun garee siyaasa Kaappitaalistii fi Kooministii ijaaruu danda’eera.
Waraanni kunis kanaan kallattiinis ta’ee alkallattiin ardiin Afrikaa irratti dhiibbaa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa uumuun isaa hinhafne. Kanaafuu, kaayyoon barnoota kanaas leenjifamtoonni erga barnoota mata duree kana jalatti kenname baratanii booda:
 Maalummaa waraana hololaa ni ibsu
 Sababa ka’umsa waraana hololaa ni himu
 Amala waraana hololaa ni ibsu
 Waraanni hololaa akkamitti akka ardii Afrikaa tuquu danda’e ni ibsu
 Dhiibbaalee ijoo waraanni hololaa ardii Afrikaa irraan ga’e ni tarreessu
 Sababa xumuramuu waraana hololaa ni ibsu.

Gacha barataa
 Amala waraana hololaa tarreessuun ibsa Gabaabaa irratti kenni.
 Afrikaan keessatti waraanni hololaa gaggeeffameeraa? Yoo hingaggeeffamne ta’e haala kamiin ardii afrikaa irratti dhiibbaa geessise jettee yaada?
 Sababoota waraana hololaa akka xumuramuu taasisan irratti marii Gabaabaa gochuun gabaasa barattootaaf dhiheessaa.
Waraanonni Addunyaa gurguddoon akka waraana Addunyaa tokkoffaa(1914-1918), waraana Addunyaa lammaffaa(1939-1945), waraana hololaa (1946-1991) dabalatee kallattiin Ardiin Afrikaa irratti gaggeeffamuu yoobaate iyyuu biyyoonni ardichaa kallattiinis ta’ee alkallattiin dhiibbaa waraanota kanneenii qooddataniiru. Ummanni ardii Afrikaa qabeenya isaa kennuun, humna loltuu biyyoota awurooppaatti makamuun kallattiin lola Addunyaa tokkoffaa fi lammaffaa keessatti hirmaataniiru, utuu hin fedhiin ilaalcha siyaasa mootummoota koloneeffattoota isaaniin deggaruun lola ardicha keessatti gaggeeffamaa tureen miidhamaa turaniiru.
Fakkeenyaaf, lolli Morocco (Agadir crisis 1911 and 1915), walitti bu’insi Ingilizii fi Faransaay Fashoodaa (Fashoda incidence 1898) , walitti bu’insa Ingilizii fi Xaaliyaan bara 1941 Itoophiyaa keessatti godhame fi kkf ka’umsi isaaniin lola Addunyaa tokkoffaa fi lammaffaa akka turan kan walnamagaafachiisu miti. Waraanni Addunyaa lammaffaa erga xumurame booda biyyoota Addunyaa ciccimoo (superpowers) ta’an gidduutti garaagarumm yaadaa uumame tures ardii Afrikaa irratti dhiibbaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa uumee jira.
Akkuma beekamu biyyoonni Addunya sadaffaa(third world countries) jedhamuun beekaman kanneen ardiilee Laatin Ameerkaa, Eeshiyaa fi Afrikaa keessa jiraatan sababii dhiibbaa seenaa sirna gabrummaa bara dheeraa ture irraa kan ka’e hiyyummaa dinagdee cimaa fi jeequmsa siyaasaan beekamaa turan. Kanaafuu, biyyoonni kunniin rakkoolee kana keessaa ba’uuf dhiibbaa sirna siyaasaa fi dinagdee biyyoota guddatanii jalatti kufuun isaan kan hin oolle ture. Bu’uuruma kanaan biyyoonni ardii afrikaas dhiibbaa sirna dinagdee (economic style) Sooviyeet (koominizimii fi kan USA (Kaappitaalisimii) jalatti kufuun waraana hololaa keessatti qooda fudhachuuf dirqamaniiru.
Biyyoonni waraana kan abbummaan gaggeessan maqaa gargaarsaanmootummoota Afrikaa harka isaanii galfachuun fedhii fi falaasama siyaas-dinagdee isaanii akka hordofan gochaa turaniiru. Akka qajeelfama gargaarsa kennitoota biyyoota kanneen itti biyya gargaarsa fedhu kamiyyuu haalduree biyyoota gargaarsa kennanii sanaa guutuun dirqama ture. Isa keessaa inni ijoo sirna siyaas-dinagdee biyyattii fudhachuu dha.Kana irraa kan ka’e biyyoonni Afrikaa fedhii mootummaa Ameerkaa fi Sooveet Raashiyaa qofa akka hordofan ta’eera.
Kana jechuun biyyi deggarsa Ameerkaa yookiin deggarsa Sooviyeet irraa barbaaddu kamiyyuu dursitee fedhii biyyoota kanneenii guutuun dirqama dha jechuun dha. Fakkeenyaaf, biyyi keenya hanga bara 1970 moota keessatti falaasama dinagdee kaappitaalistootaa Dhihaa (USA) hordofaa kan turte yennaa ta’u bara 1974 booda immoo falaasama dinagdee warra Bahaa (kominist-Sooveet Raashiyaa)) fudhachuun fedhii fi ejjennoo biyyoota ciccimoo kanneenii deggaraa akka turte ragaaleen seenaa ni mul’isu. Kanaafuu, Akkuma Oromoon” yeroo Arbi lama wallolu margatu gidduutti miidhamaa” jedhu- sana yeroo mootummoonni ciccimoo (super powers) waraana hololaa walirratti gaggeessaa turan ardii Afrikaa miidhaa siyaas-dinagdee quunnamee ture.
Haalli kunis afrikaanonni dhimma afrikaanotaa irratti bu’uura fedhii ardichaa irratti hundaa’uun murtoo mataa isaanii akka hin kennine dhiibbaa dinagdee, siyaasaa fi xiin-sammu (moral hazards) keessa galchee ture. Akkuma waliigalaatt waraanni hololaa (cold war) amala falaasama sirna dinagdee Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa uumee ture jechuun nidanda’ama. Gama biraatiin wayita waraanni hololaa eegale biyyoota mit-koministii (non communist) ta’an keessatti falaasamni dinagdee (economic philosophy) guddina dinagdee walitti-fufiinsa qabu siyaasa oomishitummaa cimaa hojiirra waan oolchaniif qabeenya uumamaa fi humna namaa Afrikaa daran akka saaman godheera.
Ardiiwwan kanneen akka Afrikaa, Laatin Ameerkaa fi Eeshiyaa humna qabeenya uumamaa fi humna namaa (natural and human resources) cimaa waan qabaniif dirree investimantii abbootii qabeenya biyya kaappitaalistootaa ta’uu danda’aniiru.Wayita waraanni hololaa gaggeeffamaa turetti ardiin Afrikaa fedhii biyyoota koloneeffattoota isaanii eeguuf humna tolaa kaffaltii malee (free labor service) akkasumas, dirqisiifamuun (forcibly) dhiheessuun tajaajilaa turaniiru.Fakkeenyaaf, abbootiin qabeenya Ingiliz Afrikaa keessatti lafa qonnaa babala’aa banuun humna dargaggoota Afrikaa kanfaltii malee fayyadamaa tureera, warshaalee albuudaa gurguddoon dhaabuun tola hojjechifataa turaniiru.
Tarkaanfiin dinagdee isaanii kunis sirna dinagdee warra kooministoota dursuuf qabeenyaan Addunyaa irratti dhiibbaa uumuuf ture. Gama biraan immoo qabeenya afrikaanotaa utuu ummata Afrikaa hin tajaajiliin fedhii dinagdee koloneeffattoota eeguuf to’annoo jala waan ooleef ummanni ardichaa mirga fayyadamuu dhabee tureera.Biyyoonni ardii Afrikaa tokko tokko immoo kallattiin dhaan waraana hololaa keessatti waan hirmaataniif wareegama lubbuu fi qabeenyaa akka kaffalan hubachuun nidanda’ama. Fakkeenyaaf, biyyi keenya, Itoophiyaan lola sababa waraana hololaa Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa gidduutti bara 1950 moota keessa gaggeeffame irratti bu’uura murtii Mootummoota Gamtoomanii (UNO) n Kooriyaa Kibbaa deggaruun kallattiin hirmaattee turte.
3.4.Jeequmsa Koongoo (The Congo Crisis)
Seensa
Koongoon biyyoota sahaaraa gara gadiitti (sub-sahaaraa) argaman keessaa lafa bal’aan kan beekamtuuf biyyoota Afrikaa sagal ta’aniin daangeffamtee argamti. Koongoon giddu-galeessa Dhihaa afrikaatti biyyoota akka Angoolaa, Ripublikii giddu-galeessa Afrikaa, Sudaan, Yugaandaa, Ruwaandaa, Burundii fi Taanzaaniyaa fi karaa kallattiin haraa Viktooriyaa immoo Zaambiyaa fa’iin marfamtee argamti turte.
Yeroo ammaa kana Dimookiraatikii Ripublikii Koongoo (DRC) jedhamuun kan beekamtu yennaa ta’u dur maqaa adda addaa kan akka ” Congo Free State, Belgian Congo, Congo-Leopoldville, Congo-Kinshasa and Zaire” jedhamaniin beekamaa turte. Biyyi Koongoon qabeenya albuudaa akka kooperii, diyaamondii, warqee, kobaaltii fi kkf akkasumas humna qabeenya peetirooliyeemii fi gaasii uumamaa guddaa ta’e qabaachuun beekamtudha.
Faallaa kanaatiin Koongoon Addunyaa irratti sababatasgabbii siyaasaa dhabuun bakka rakkoon kufaatii namoomaa (humanitarian crisis) guddaan keessatti mul’atudha. Bara 1960tti dhiibbaa kolonummaa mootummaa Beeljiyeem jalaa herga bilisoomtee booda yeroo dheeraadhaaf rakkoo walitti bu’iinsa lubbuu namaa fi qabeenya heddu galaafate keessa turte.Kufaatiin siyaasa Koongoo kunis siyaasa addunyaalessaa irrattillee dhiibbaa guddaa geessisaa tureera.
Sirumaayyuu beektonni seenaa tokko tokko walitti bu’insa Koongoo kana “waraana Addunyaa tokkoffaa ardii Afrikaa irratti gaggeeffame” jechuun dubbatu. Sababiinsaa, dhiibbaan walitti bu’insa Koongoo biyyoota Addunyaa hunda kallattiinis ta’ee alkallattiin waan hirmaachiseef jechuudha.
Kanaafuu, kaayyoon barnoota kanaa leenjifamtoonni mata duree kanaa erga baratanii booda:
 Walitti bu’insa Koongootiif wantoota sababa ta’an ni tarreessu.
 Lolli Koongoo lola addunyaalessaa akka ta’u wantoonni godhan maalfa’aa akka ta’e ni ibsu
 Walitti bu’insa Koongoo keessatti uumame wantoonni babalisan maalfaa akka ta’an adda nibaafatu
Gocha Barattootaa
 Sababoota waraana Koongoo ta’an tarreessuun ka’umsi isaanii maal akka ta’e ibsa Gabaabaa kenni
 Wantoonni lola Koongoo lola addunyaalessaa godhe maal fa’i?
 Biyyoonni ollaa sochii mormitoota Koongoo deggaruun mootummaa Koongoo irratti maaliif kaka’an jettee yaada?

Koongoon yeroo qabsoo farra kolonummaa cimaan ardii Afrikaa irratti gaggeeffamaa ture keessa bara 1960 tti mootummaa bulchiinsa Beeljiyeem jalaa bilisoomte.Hata’u malee deggarsa mootummaa Beeljiyeemii fi Ameerkaatiin bara 1965tti Mobuutuu Sesee Sekkoo fonqolcha mootummaa (coup d’état) gaggeessuun aangoo qabachuu danda’eera. Yeroo kanaa kaastee Koongoon sababa dhabamuu bulchiinsa gaarii, kiraasassaabdummaa bulchitoota mootummaa (kleptocracy), laafinsa dhaabbilee mootummaa (collapse of state institutions) fi kkf biyyattii keessatti lolli walitti fufiinsaan cimee mulachuu danda’eera. Lolli Koongoo kunis inni marsaa duraa bara 1996 kan jalqabe yennaa ta’u, marsaa lammaffaa bara 1998 eegale.
3.4.1.Lola Koongoo isa Duraa
Humni sochii ripheeloltoota Loorent Kaabilaan durfamu Humna Dimookiraasii Adda Bilisummaa Koongoo-Zaayer (Democratic Forces for the Liberation of Congo-Zaire) wajjin waliigaluun bara 1996 mootummaa (Mobuutuu Sesee Sekkoo) irratti lola labse. Humni farra Mobuutuu mootummoota ollaa kanneen akka Ruwaandaa, Yugaandaa, Angoolaa fi Burundiitiin deggaramuun bar 1997 tti lola cimaa Mobuutuu irratti labse.Baruma kanatti injifannoon garee humna bilisummaatiin xumuramuun biyyi moobuutuun Zaayeer jedhu maqaa “Democratic Republic of the Congo” jedhamuun mootummaan haaraan L.Kaabilaa hundaa’uu dandeesse.
Haata’u malee mootummaan Kaabilaa rakkoo hawaasummaa Koongoo furuu dadhabuu irrayyuu gorsitoota humna loltoota Ruwaandaa naannoo Kinshaasaa keessa jiran irratti tarkaanfii suukkanneessaa fudhachuun waan ari’eef mormiin cimaan isa quunnamuu danda’ee ture. Haaluma kaan humni Qindoomina mootummaa Ruwaandaa fi Yugaandaa qabsoo sochii Bilisummaa fi Dimookiraasii Koongoo deggaruun mootummaa Joseef Kaabilaa irratti lola biraa labsuu danda’aniiru.
Gocha Barattootaa
 Lola Koongoo walwaraansa biyyoota afrikaa biroo keessatti raawwatamani irraa kan adda godhu maal fa’i? walfakkeenyi isahoo?
 Garaagarummaan lola Koongoo tokkoffaa fi lammaffaa gidduu jiru maal?
3.4.2. Lola Koongoo isa lammaffaa
Sochiin qabsoo bilisummaa hawaasa Koongoo fi mormitoota farra mootummaa Kaabilaa mootummoota ollaa kanneen akka Ruwaandaa fi Yugaandaan deggaramu Hagayya bara 1998 mootummaa Kaabilaa kuffisuuf lolli gaggeeffame lola Koongoo isa lammaffaa jedhama. Sochiin qabsoo farra mootummaa Koongoo kun utuu fiixaan hinba’iin kufuu danda’eera. Sababiin isaas mootummoonni akka Zimbaabuwee, Angoolaa, Naamibiyaa fi Chaad humna mootummaa Kaabilaa deggaruun humna mormitoota Ruwaandaa fi Yugaandaan deggaramu irratti lola labsuu isaaniiti.
Hata’u malee lolli kunis mootummaa Koongoo dhaaba sadii jalatti caccabsuu dananda’eera. Bu’uuruma kanaan, RDK isa orjinaala (RCD-original), RDK, kan biyyoolessaa (RCD-national), fi RDK-ummata (RCD—popular) adda ciccitee dhiibbaa biyyoota ollaaf saaxila ba’e.Walitti bu’iinsi Koongoo baay’ee walxaxaa ture. Qaamoleen keessaa fi alaa caasaalee (network) adda addaa uumuun nageenya naannichaa baay’ee jeeqaa turaniiru. Mootummaan Koongoo tarkaanfii haaloo garajabummaa cimaa fi suukkanneessaa ta’e fudhachuun mirganamooma dhala namaa irratti kufaatii guddaa uumee tureera. Walitti bu’insi walitti fufiinsaan godhamaa tures walitti bu’iinsa qabeenyaa kan akka lafa fi albuudaa irrattis walitti bu’iinsa umeera.Lola faayidaa bu’uureffatee ollaa irraa itti ka’ee, walitti bu’iinsa gosaa fi sochii farra mootummaa walittidabalamuun kufaatii siyaasa Koongoof sababa ta’eera.Kun utuu kanaan jiruu hooggantoonni mootummoota biyyoota Ripublikii Koongoo, Angoolaa, Naaminiyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa, Zaambiyaa fi Zimbaabuwee lola Koongoo lammaffaa xumuruuf Adoolessa 1999 keessa , Lusaakaa tti waliigaltee araaraa buusuu godhan.
a. Waliigaltee Lusaakaa 1999
Waliigalteen Lusaakaa haala jeequmsa Koongoo fooyyessuuf carraa gaarii uumuuf yaalii guddaa godheera. Akkaataa waliigaltee kanatti: loltoota hiikkachiisuu, hidhamtoota waraana mootummaan akka gadhiisu, humni waraana biyyoota ollaa Koongoo gadhiisanii akka ba’an, mootummaan Dimookiraatawa Ripublikii Koongoo immoo mormitoota wajjin waltajjii marii nagaa akka qopheessu, milishoonnii fi hidhattoonni waraana hundi akka meeshaa waraana hiikkatanii fi bulchiinsi mootummaa haaraan akka hundaa’u, fi humni raayyaa ittisa biyyaa bifa haaraan akka hundeeffamu fi hangasitti humni Mootummoota Gamtoomanii akka naannicha to’atu kan jedhamanfaa ture.
Qaamni mootummaa Addunyaa dhimma jeequmsa Koongoof xiyyeeffannoo kennuu kan jalqabe Fulbaana 1999 irraa eegale yennaa ta’u waliigaltee waraana dhaabuu Lusaakaa irraa eegale humni nageenyaa Addunyaa suuta suutaan naannoo sana to’achuu jalqabe. Kufaatiin mirga namoomaa fi siyaasa biyyattii walitti bu’insa Koongoo dhimma addunyaalessaa akka ta’uu godheera.
Kanaafuu, biyyoonni Addunyaa rakkoo jeequmsa Koongoo kana akka dhaabbatuu fi naannolee Afrikaa birootti hin babal’anneef deggarsa akka godhamuuf gochuu irra darbee humni Naga Eegduu (peacekeeping force)Mootummoota Gamtoomanii mootummaa Dimookiraatawa Ripublikii Koongoo akka deggaru ta’eera. Tarkaanfiin mootummoota Gamtoomaniin fudhatame kunis rakkoo Koongoo mudate furuu irra darbee jeequmsi kun akka biyyoota Afrikaa giddu-galeessa birootti hin babal’anneefis kan yaadamee ture ta’uu ragaaleen ni mulisu.Bara 2000 irraa jalqabee humni Mootummoota Gamtoomanii guutummaa guutuun Dimookiraati Ripublikii Koongoo to’annoo isaa jala galchuun abbummaa fudhate. Bu’uuruma kanaan March2001 humni naga eegduu mootummoota Gamtoomanii 4,386 naannicha keessa qubate. Ittifufuun ji’a Gurraandhala, 2003 tti loltoonni 5,537 dabalataan naannicha akka to’atu ta’e. Haaluma kanaan utuu jiruu lolli Koongoo keessaa haala cimaa ta’een itti fufe.
Waliigalteen kun rakkoo siyaasa Koongoo furuuf hindandeenye. Sohiin adda bilisummaa Koongoo (ABK) Jean- Pierre Bembaan hoogganamu mootummaa Yugaandaan deggaramuun mootummaa Kaabilaa irratti lola labse. Humni Pierre Bembaan durfamu kunis baay’ee jabaachaa dhufuun lafa bal’aa to’annoo isaa jalagalfachuu irra iyyuu haala siyaasa –dinagdee, fi hawaasummaa biyyattii rakkoo guddaa keessa galchuun mootummaa irratti kufaatii guddaa fideera.
Mootummaan Dimookiraatawa Ripublikii Koongoo Piresidaantii Joseef Kabilaan durfamu rakkoo guddaan isa mudate daraan cimaa dhufe. Mormiin hawaasa bal’aa biraa sababa kiraa-sassaabdummaa, kufaatii dinagdee fi ittiquufinsa bulchiinsaa dhabuun isa mudachuu danda’eera. Gama biroon jeequmsa biyyattii keessatti filannoo biyyoolessaa bara 2011 gaggeeffameen walqabatee uumame nageenyaa biyyattii daran jeeqee ture. Sochiin farra mootummaa Joseef Kaabilaa naannolee akka, Kivuus, Baas Koongoo, Kaatangaa haala cimaa ta’een babal’achuun rakkoo kufaatii siyaasaa fi namoomaa (political and humanitarian crisis) naannichaaf daran cimsuu danda’eera.
b. Waliigaltee “Sun City” 2002-3
Kanarraa kan ka’e mariin dhimma kufaatii Koongoo itti fufuun Onkoloolessa 2001 keessa magaalaa Finfinneetti jalqabe. kun utuu mariin magaalaa “Sun City” 2002,Afrikaa kibbaatti hin godhamiin dura jechuun dha. Itti aansuudhaan magaalaa “Sun City” irratti bara 2002 mariin akka godhamu haalli mijatee ture. Mariin kunis hawaasa siivilii, humna loltoota, mormitoota hiddhattoota siivilii walitti dhufanii akka mari’atan godhuuf yaalee ture. Marii magaalaa “Sun City” kan mijeesse piresidaantii Botiswaanaa duraa kan ture, “Ketumile Masire” ture.Amajjii, 2002, deggarsa piresidaantii Afrikaa Kibbaa duraa Tabo Mibeekii tiin dhaabbilee Koongoo adda addaa waraana dhaabuuf waliigaltee biyyoolessaa kan qaamaa hunda of keessatti mootummaa ce’umsaa hundeessuuf mallatteessuu danda’aniiru.
Waliigaltechi caasaa mootummaa ce’umsaa tokko ida’uu afur yookiin “one-plus-four” waggoota lama qofaaf turu akka hundaa’u murteesse. Caasaan bulchiinsa tokko ida’uu afur jedhu kunis Joseph Kabilaa, kan ajjeefamuu abbaa isaa bara 2001 bakka bu’uun aangoo qabate. piresidaantii gochuun itti aantota piresidaantii afur, gareewwan DCR-naannoo Gomaa(DCR-G) fi warra Sochii Adda Bilisummaa Koongoo(MLC), mootummaa Kaabilaa duraanii fi gamtaa mormitoota siivilii keessaa kan ofkeessatti qabate hundeesseera.
Waliigalteen inni xumuraa walmormitoota Koongoo gidduutti godhame, April, 2003, Afrikaa Kibbaa magaalaa “Sun City” keessatti ture. Utuu waliigalteen “Sun City” bara 2003 hin godhamiin gidduutti mariiwwan araaraa Koongoo irratti xiyyeeffatan lama kan gaggeeffaman yennaa ta’u inni tokko Adoolessa, 2002, magaalaa Piriitooriyaa tti ta’e. Waliigalteen Piriitooriyaa 2002 kunis Kinshaasaa fi Kigaaliin dhimma Koongoo irratti akka waliigalan godhame.
Marii kanas kan mijeesse fi raawwatu Afrikaa Kibbaa turte. Mariin inni lammaffaan Fulbaana,2002 magaalaa “Laanda” tti kan godhame yennaa ta’u Kinshaasaa fi Kampalaan dhimma nagaa Koongoo irratti waliigaltee tokko irra akka ga’an gochuuf ture. Waliigaltee araaraa kanaa kan raawwachiise mootummaa Angoolaa turte. Waliigalteewwan kunniin humni loltoota alaa Koongoo gadhiisee akka ba’u haala mijeesseera.
3.4.3.Hundeeffamu Mootummaa Ce’umsaa
Mootummaan ce’umsaa Koongoo waggoota lamaaf turu bara 2003 tti hundeffame. Mootummaan ce’umsaa hundaa’e kunis bu’uura waliigaltee biyyoolessaa qaamaa hunda hirmaachisuun “Sun City” irratti bara 2002 godhameen:
 Mootummaa Ripublikii Koongoo addaan ciccitee walitti tokkummeessuu
 Heera mootummaa haaraa hundagaleessa qopheessu
 Araaraa sadarkaa biyyoolessaa tti akka qophaa’u
 Filannoo biyyoolessaa qindeessuu
 Meeshaa waraana hiikkachiisuu
 Raayyaa ittisa biyya hundagaleessa bifa haaraa ijaaruu
 Qaamolee bulchiinsa bifa haaraan hunda hirmaachisuun ijaaruukan jedhaman irratti hundaa’uun akka ijaaramu himama.
Bara 2005 tti mootummaan ce’umsaa heera haaraa irratti riferendemii mijeessuun ummanni akka piresidaantii filatan murteesse. Bu’uuruma kanaan filannoo biyyoolessaa isa jalqabaaf qophaa’een Kaabilaan harka persentii 58 argachuun piresidaantii biyyattii ta’ee Amajjii, 2006tti mana maree haaraa biyyattii “new National Assembly “ jedhamu hundeessuun bulchuu eegale. Hata’u iyyuu malee lolli Koongoo keessaa kallattiin biyyattii biraan itti fufuun sochii ijaarsa nageenya biyyattii gaaffii keessa galchuu isaa ittifufeera.
Gocha Barattootaa
 Lola Koongoo dhaabuuf tarkaanfiin dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii (UNO) fudhate maal fa’i?
 Yaada furmaata waliigalteen Lusaakaa fi waliigalteen “Sun City” dhimma Koongoo irratti kenne bu’uureffachuun garee dhaan gabaasa barattootaaf dhiheessaa
 Ittigaafatummaa mootummaa Ce’umsa Koongoof waliigaltee “Sun City” irratti murtaa’e maal fa’i?

3.5.Sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa Keessatti
Seensa
Appaartaaydiin falaasama bulchiinsa warra adii hawaasa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan bifa namaa irratti hundaa’uun adda baasu yennaa ta’u akka falaasama bulchiinsa kanatti warri adiin kallattiin kamiinuu ummata guraacha Afrikaa ol akka ta’an kan labsu ture.Imaammanni Appaartaayidii kun si’a jalqabaatiif seera qabeessa ta’uun Afrikaa kibbaatti kan hojiirra oole yennaa ta’u sirna hamaa fi garajabummaa akkasumas haala suukkanneessaa ta’een dhalootee Afrikaa Kibbaa gabrummaa warra adii jalatti kuffise dha. Kanaafuu, muujula kana keessatti falaasama bulchiinsa Appaartaayidii fayyadamuun ummanni adiin lakkoofsi isaanii baay’ee xiqqoo ta’an(minor groups) akkamitti garee hawaasa bal’aa dhalootee naannoo( the majority indigenous groups) ta’an irratti ol’aantummaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi aadaa qabatanii fi miidhaa sirnichi ummata guraacha Afrikaa irraan ga’e bal’inaan ni ilaalla.

Kaayyoowwan barnootichaa
Leenjifamtoonni mata duree kana erga baratanii booda:
 Maalummaa falaasama Appaartaayidii sirriitti ni himu
 .Amala bulchiinsa Appaartaayidii ni ibsu
 Kaayyoowwan bulchiinsa Appaartaayidii adda baasanii ni himu
 Miidhaa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa akkasumas aadaa bulchiinsa Appaartaayidii ummata Afrikaa Kibbaa irraan ga’e adda ni baafatu
 Adeemsa qabsoo farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessatti godhamaa ture ni ibsu.
 Sababoota kufaatii sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa ni tarreessu

Gocha Barattootaa
 Appaartaayidiin maal? Falaasamni siyaas-dinagdee kun afrikaa Kibbaa keessatti yoomii eegalee hojiirra oole? Miidhaa appaartaayidiin ummata gurraacha irraan ga’e maal fa’i? Yeroo ammaa kana sirni kun jira? Yoo jiraate maaliin ifa?
 Kaayyon appartaayidii maal?
3.5.1. Maalummaa Appaartaayidii
Akka waliigalaatti beektonni jecha “Appaartaayid” jedhu “garaagartummaa sanyii halluu bu’uureffate” yookiin “segregation on grounds of race,” jechuun ibsu. Falaasamni sirna ijaarsa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa halluu ilma namaa (color segregation) irratti bu’uureffate kun jalqabarratti Afrikaa Kibbaa keessatti bara 1948, wayita Paartiin Biyyoolessaa (National Party) filatamee aangoo siyaasa qabate seera qabeessummaan hojiirra ooluu jalqabe.

Yaada-rimeen “Appaartaayid” jedhu ummanni adiin Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan gama hundaan hawaasa guraacha hortee Afrikaa ta’anii oliidha. Kanaafuu, bakka tokko tti haala walqixxummaa qabuun keessummeeffamuu hindanda’ani.
Safari jireenya adii fi gurraachaa, manni barnoota isaanii, manni yaalaa isaan itti yaalaman, hoteelonni fayyadaman, daandiin irra adeeman illee dabalatee tokko ta’uu hin qabu kan jedhu fi warri gurraachi tuffatamoo akka ta’anii fi warri adiin immoo ulfina qabeessoo fi seera qabeessa ta’uu isaa kan barsiisu dha.. Appaartaaydiin bara 1948 kaasee hanga Paartiin Biyyoolessaa (National Party) aangoo irraa bara 1994 buqa’utti falaasama bulchiinsa, dinagdee fi hawaasummaa warra adii Afrikaa Kibbaa ta’ee tajaajilaa tureera.
3.5.2. Sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa
Biyyi Afrikaa Kibbaa biyya qabeenya uumamaa kanneen akka lafa biyyee gabbataa, albuudaalee gati-jaboo adda addaa fi haala qilleensa mijataa ta’een kan eebbifamtedha. Afrikaan Kibbaa oomishaa albuudaa diyaamadii fi warqeetiin akkasumas sibiila akka pilaatiniyeemiin Addunyaa irraa sadarkaa duraa irratti argamti. Haalli qilleensa ishees jireenya dhala namaatiif baay’ee mijataa yennaa ta’u haala qilleensa naannoo” San Francisco bay” Addunyaa irraa bakka kam iyyuu caalaa mijataa ta’e wajjin akka walfakkaatu himama.
Afrikaan Kibbaa dhiibbaa warra adii jala galuu kan jalqabde jaarraa 17ffaa keessa yeroo hawaasni adiin biyya Ingilizii fi Dachi irraa dhufanii naannicha qabatanitti ture. Ol’aantummaa ummatoota qubattoota adii Dach “Boers or Afrikaners” jedhamuun kan beekaman kolonii Dach haaraa Afrikaa Kibbaa keessatti mootummaa “Orange Free State” fi “Transvaal” hundeessuu danda’aniiru.
Bara 1900 keessa sababa abuurraa (argamuu) albuudaa diyaamadii Afrikaa Kibbaa mootummaan Ingiliz bifa haaraan Afrikaa Kibbaa weeraruun ol’aantummaa warra adii yookiin “Boers” gurraachota irratti akka argatan daran cimsuu danda’eera.
Hata’u malee waraanni cimaan gurraachota fi warra adii gidduu itti fufuun warri gurraachi mootummaa Ingiliz irratti injifannoon gonfachuun aangoon warra adii (Boers or Afrikaners) fi warra gurraachota Afrikaa Kibbaa gidduutti akka qoodamu ta’ee hanga 1940 moota keessatti turuu danda’eera.Hata’u malee bara 1940 moota keessa wayita dhaabbanni “Afrikaners’ National Party” deggarsa hawaasa bal’aa argatee injifachuun aangoo qabatu bulchiisni aangoo qooddannaa warra adii fi gurraacha gidduutti gaggeeffamaa ture hafee warri adiin Ingiliz guutummaa tti aangoo dhuunfachuu danda’aniiru.
Aangoo erga dhuunfatee booda dhaabbanni “the Afrikaners’ National Party” bara 1948tti istraateejii bulchiinsa haaraa “Apartheid” jedhu uumuun Adeemsa hawaas-dinagdee akkasumas siyaasa Afrikaa Kibbaa to’annoo isaa jala galfachuuf hojiirra oolchuu danda’eera. Mootummaan “National Party” bara 1948tti addaddummaa namaa halluu/ bifa/ bu’uureffate seeraan labse Afrikaa Kibbaa keessatti hojiirra oolche. Lansiin seera addaddummaa sanyii bifa irratti hundaa’e kunis haala jireenya hawaasummaa hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’ee isaan keessaa muraasni:
• Hariiroon gaa’elaa adii fi gurraacha gidduutti raawwachuu akka hin dandeenye,
• Ijoolleen Warra gurraacha Afrikaa mana barnoota Ijoolleen warra adii keessatti baratan seenuu akka hin dandeenye
• Hoteelota warri adiin itti fayyadaman gurraachonni fayyadamuun dhorkaa akka ta’e
• Daandiin warri adiin irra adeeman ummata gurraachaaf kan hin eyyamamne ta’uu
• Carraa hojii bal’aan warra adii qofaaf kan murtaa’e ta’uu
• Walumaagalatti gurraachonni safara warri adiin qabatanii jiraatan jiraachuu akka hin dandeenye fi kkf ofkeessatti kan qabate dha.

Gocha Barattootaa
 Kaayyoo appartaayidii galmaan ga’uuf Labsiiwwan afrikaa Kibbaa keessatti labsaman irratti marii gochuun gabaasa dhiheessi.
 Amaloota bulchiinsa appartaayidii irratti garee keessaniin marii gabaabaa godhaa
 Amala qabsoo farra appartaayidii ibsi
 Qabsoo farra-appartaayidii keessatti ga’een ANC maal akka ture marii gabaabaa gochuun gabaasa dhiheessi.
 Sababa kufaatii appartaayidii gabaabinaan ibsi.

3.5.3. Labsiiwwan Gurguddoo Sirna Appaartaayidii hojiirra oolchuuf labsaman
I. Labsii Galmee Ummataa
Bu’uuruma labsii bara 1948 godhameen bara 1950tti labsiin qajeelfama galmee uummata (Population Registration Act) Afrikaa Kibbaa ba’ee hojiirra akka oolu ta’e. Labsiin galmee uummata kunis hawaasa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan hunda sanyii irratti hundaa’uun bakka sadii tti qooda. Isaanis: warra adii (white), warra gurraacha Afrikaa (black African), fi warra hortee walmakoo bifa diddiimoo (of mixed decent or colored people) jedhamuun adda ba’an. Gareen warra hortee walmakoo (mixed decent) yookiin “colored people” jedhaman hawaasa lakkoofsa muraasa Indiyaa fi Eeshiyaa irraa gara Afrikaa Kibbaa seenan kan ofkeessatti qabatu dha.Haalli qoodamu hawaasa kunis haala uumama qaamaa, bifa, fudhatama hawaasummaa fi sanyii kan bu’uureffate dha.
Fakkeenyaaf, namni adiin uumamaan adii waan ta’eef nama adii ta’ee fudhatama. Hata’u malee abbaa fi haadha isaa keessaa lamaanuu yoo adii hintaanee ta’ee fi tokkoon isaanii adii miti ta’e akka nama adii tti hin fudhatamu. Haalli hawaasummaa gareewwan kanneenii bu’uura qoodamu isaaniin kan raawwatu waan ta’eef kan seera cabsee naannoo isaaf hin eyyamamne dhaqe seeraan ni gaafatama.
II. Labsii Bulchiinsa Addaa Hawaasa Gurraachotaa( Baantuu)
Bara 1951tti labsiin bulchiinsa addaa garee afrikaanotaa ykn bulchiinsa bulchitoota Baantuu “the homelands” jedhamu labsamuun bulchiifni garee afrikaanotaa gurraachaa hundaa’uu danda’eera. Bakka bulchiinsa adaa afrikaanotaa “the homelands” naannoo bulchiinsa gurraachaa dhiibbaa warra adii irraa bilisa ta’ee fi bulchitoonni warra gurraacha bulchuuf aangoo guutuun irratti kennamefidha. Mirgi siyaasa afrikaanotaa, mirga filannoo dabalatee naannoo bulchiinsa “homelands” qofaatti kan daangeffame dha.
Walumaagalatti gurraachonni Afrikaa Kibbaa mirgi lammumma kan qaban naannoo addaa isaaniif kenname bakka “homelands” jedhamu qofarratti yennaa ta’u mirga lammummaa Afrikaa Kibbaa hin qaban. Gama biraatiin naannoo warri gurraachi irratti mirga abbummaa qaban,”the homelands” hirmaannaa lammummaa bulchiinsa paarlaamaa Afrikaa Kibbaa keessatti gochuuf mirga tokko illee hin qaban.Afrikaanonni warri gurraachi bulchiisni addaa maqaa “homelands” jedhuun maquma qofaaf (nominal) kennameef mirga abbaa biyyummaa warra gurraachaa, warra garee xiqqoo(the white minority groups)f dabarsee kennuu irra warri gurraachi bakka kennameefii alatti Afrikaa Kibbaa seenuuf illee waraqaa qulqullinaa yookiin “passports” akka isaan barbaachisu godheera.
Kanaafuu, sirni Appaartaayidii Afrikaanotaa guraacha haala garajabummaa fi gaddisiisaa ta’een mirga lammummaa isaanii illee irraa molqee ture.
III. Labsii Nageenya Hawaasaa fi Fooyya’insa Seera Yakkaa
Mootummaan “National Party” sochiiwwan farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessatti godhamu dhabamsiisuuf jecha bara 1953 tti labsii maqaa “nageenya hawaasaa fi fooyya’insa seera yakkaa” jedhuun labse. Labsiin kun mootummaan tarkaanfii yeroo battalaa (a state of emergency) akka fudhatu kan godhe. Haalli kunis mootummaan tarkaanfii garajabummaa cimaa ofkeessaa qabuun sochii ummataa akka to’atu humna guddaa ta’uu irrayyuu sochiin gocha mootummaa dura dhaabatu kamiyyuu yakkaa akka ta’e kan ofkeessatti qabatu dha.
Labsii seera haaraa kana irraa kan ka’e namoonni hedduun labsicha morman adabbii cimaan tarkaanfii miidhaa qaamaa dabalatee irratti fudhatamu danda’eera. Fakkeenyaaf, tarkaanfii hidhamuu, adabbii qaamaa kan akka reebichaa, shiboo ibsaatiin gubuu (electric torture) fi kkf haala garajabummaa qabuun hawaasa irratti raawwatamaa tureera. Hata’u malee garee hawaasa guraachaa lakkoofsaan heddu ta’e labsii kana mormuun bara 1960tti daandii magaalaa Sharpeville keessa naanna’uun mormii isaanii haala cimaa ta’een itti fufan.
Mootummaanis tarkaanfii isaa itti fufuun labsiin tarkaanfii yeroo (emergency act) guyyoota 156 kan ture yennaa ta’u turtii kana keessatti tarkaanfii mootummaan adii fudhateen namoonni 69 lubbuun kan darban yennaa ta’u namoota 187 irra rakkoon miidhaa qaamaa irra ga’uu danda’eera. Mootummaa walitti fufuu dhaan hanga 1989tti gurraachonni Afrikaa Kibbaa haala suukkanneessaa fi garajabummaa qabuun lubbuu isaanii wareeganiiru, qaamni isaanii miidhameera, dararri guddaan irra ga’ee tureera,murtiin hidhaa,murtii du’aa fi kkf irratti fudhatama tureera. Namoota murtiin du’aa irratti darbee fi hidhaan umurii guutuu irratti murtaa’e keessaa tokko Niilsan Mandeella ture.Walumaagalatti, sirni Appaartaayidii galma ga’insa kaayyoo imaammata siyaas-dinagdee fi hawaasummaa mootummaa warra adii galmaan ga’uuf ga’ee guddaa taphateera. Ummata gurraachaa fi adii Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan gidduutti gara gabrummaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa hanga samii fi lafa walirraa fagaatu uumuu danda’eera. Fakkeenyaaf, xiyyeeffannoo cimaa hawaasa adiidhaaf godhamaa ture xiinxaluuf gabatee armaan gadii ilaaluun ni danda’ama.
Ummata Appaartaayidii fi hawaasa Afrikaa Kibbaa
Ummata Gurraacha Ummata Adii
Baayina ummataa Mil.19 Mil.4.5
Haala qabiyyee lafa Persentii 13 Persentii 87
Gali biyyoolessaa nama dhuunfaa Persentii 20 gadi Persentii 75
Reeshoo galii giddu-galeessa 1 14
Taaksii galii gadi aanaa Raandii 360 Raandii 750
Reeshoo ramaddii dookteraa fi dhukkubsatootaa 1:44,000 1:400
Reeshoo du’a daa’immanii Magaalaa persentii 20
Baadiyyaatti persentii 40 Persentii 2.7
Baasii waggaa barsiisaa fi barataaf godhamu Doolara 451:60 Doolara 6961:22
3.5.4. Qabsoo Farra Appaartaayidii Uummata Afrikaa Kibbaa
Akkuma Matadureewwan armaan olii keessatti ilaaluuf yaalame appaartaayidiin faayidaa uummata gurraachaa dura kan dhaabbate, hawwii jireenyaa fi guddinaaf qaban kan dukkaneesse, mirga abbaa lafummaa fi, aangoo ofiin of bulchuu ummata gurraachaa kan muulqe, walumaa galatti mirga namummaa fi siyaasaa kan dhabsiisee fi ol’aantummaa warra adii kan daran cimse ture.Hata’u iyyuu malee ummanni Afrikaa Kibbaa dhiibbaa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa warra adii kana mormuun kan jalqaban jalqabuma irraa ture. Mormiin farra-warra adii kan eegale bara 1659, uummata Kohi-Saan yeroo lafa isaanii irratti Dachoota wajjin falmii gaggeessaa turan irraa eegalee ture.
Gama biraatiin argamuu albuudota akka warqee fi Diyaamoondii booda hojii humnaa gara jabummaan irratti fe’amaa turee fi tuffii warri adiin warra gurraacha irratti mulisaa turan qabsoo afrikaanotaaf boqonnaa biro baneera. Dafqaan bultoonni gurraachotaa boolla gadii fagoo keessaa albuuda baasuun warra adiif tajaajila kennu. Kaffaltiin isaani, garuu baay’ee xiqqaa fi kan hojii isaani waliin wal hin madaalle dha. Kanaafuu rakkoolee adda addaatiif saxilamu. Yoo dhibaman qarshii dawwaa ittiin bitatan gahaa ta’e waan hinqabneef akka tasaa du’uun salphaadha.
Haalli kun akka fooyya’uuf dafqaan bultoonni gurraachaa mala adda addaa fayyadamuun mormii isaanii ibsachaa turaniiru.Qabeenyi warra adii yeroodhaa yerootti kan dabalaa fi guddachaa deemuu yoo ta’u jireenyi uummata gurraachaa, garuu hara’a irra kaleessa wayyaa ta’e. Gochaaleen kun bifa cimina qabuun waan itti fufaa deemu malee kan salphaachaa fi fooyya’aa deemu akka hin taane hubachuun qabsoon farra-Appaartaayidii bifa bittinna’een osoo hin taane bifa gurmaa’een eegale. Walakkaa Jaarraa 19ffaa keessa Koongireesiin Biyyoolessa Afrikaa (ANC) fi dhaabbileen siyaasaa fi hojjettoota biroon qabsoo karaa nagaa (peaceful struggle) gaggeessuun yaalii gochaa turan. Dhaabni gaaffii uummata gurraacha irratti hundaa’ee qabsoo farra- Appaartaayidii kan gaggeesse Kongireesii Biyyoolessa Afrikaa (ANC) isa bara 1912 ijaarame dha. Bara 1948tti ummanni gurraachaa fincila turtii-mana keessaa (Stay-at-home strike) filannoo waliigala isa, isaaniin mirga hirmaachuu dhorkaman mormuun qopheessani. Deebiin isaas Poolisotni adiin naannoo jireenya warra gurraachaa weeraranii, akkasumas gurraacha bakka arganitti qabuun reebbichaa akka irra geessisan taasifame.
Bara 1952tti uummata hiriira nagaa bahe keessaa 8,000 kan ta’an ni hidhaman. Bara 1953tii eegalee sochiin mormii mootummaa hiriira nagaa ifa ta’e dadhabaa dhufee, bara 1955 hanga tokko mullate.Gaggeessitoonni sochii uummata gurraachaa irra deddeebi’anii, seerotni Appaartaayidii akka hafan, hojii walfakkaatuuf kafalti walqixxee, siyaasaa keessatti bakka bu’ummaa yeroo dheeraadhaaf gaafachaa turaniiru.Bara 1960tti uummatini hiriira nagaa waraqaa heeyyamaa (Passbook)qabu magaalaa Shaarpiviillee hirmaataa turan humna Pooliisiin yeroo bittinna’u hirmaattota keessaa namootni 69 ajjeefamaniiru.
Kana booda mootummaan sochii Koongireesii Biyyoolessa Afrikaa dhorke. Gochii kun qabsoo uummataa gurraachaa boqonnaa haaraatti kan ceesise dha.Dhimmi jeequmsa guddaa kaase tarkaanfi ajjeechaa Poolisiin magaala Soowettoo itti fudhatedha. Uummatni gocha Shaarpeevillee waggaa 25ffaa yaadachuuf bahe keessaa namootni (gurraachota) 700 fi warri adiins baay’een rasaasaan du’ani.Namoota dhaaba Koongireesii Biyyoolessa Afrikaa hoogganan keessaa tokko kan ta’an Niilsaan Mandeellaan hidhaa umurii guutuun itti murtaa’ee bara 1964 mana adabaatti darbatamani. Hooggantootni biyyota Afrikaa bilisoomanii dhimma kana ilaalchisanii dhiibbaa akka godhaniif Dh.M.W.fi Mootummootni gurguddootiin tarkaanfiiwwan adda addaa akka,qobqobbii fi karaa dippiloomaasii Afrikaa kibbaa akka hin hirmaachisnee(isolation)gaafatani.Biyyootni gurguddoon Lixaa(western) deebii atattamaa kennuu irratti ni qusatani. Sababni isaas qarshii hedduu dhaangalaasuun faayidaa dinagdee hagana hin jedhamne Afrikaa kibbaa keessaa waan qabaniifi.Bara 1984tti mootummaan Afrikaa kibbaa uummata gurraachaa fi Eeshiyaanotaaf Paarlaamaa keessatti bakka bu’insa muraasa kan kenne yoo ta’u aangoo siyaasaa hin qodiniif hafan.
3.6. Rakkoowwan yookiin Gufuuwwan Guddina Afrikaa
Seensa
Kurneewwan dhihoo as Afrikaan haala kanaan dura mul’atee hin beekneen wayita Addunyaa dhiibbaa kufaatii dinagdee fi rakkoo qilleensa naannoo tiin miidhamaa jiran itti guddina abdachiisaa ta’e agarsiisu irra jirti. Ragaaleen xiinxala ogeessota dinagdee fi qopheessitoota imaammata dingdee adda addaa illee ardiin Afrikaa biyyoota guddina saffisaa agarsiisaa jirtuu fi yeroo gabaabaatti sadarkaa guddina ol aanaa irra ga’uuf jirtu jechuun ibsaniiru. Hata’u iyyuu malee, sochii guddina Afrikaa kana wantoonni gufuu itti ta’anii lafa irra gototan fi yaaddoo keessa galchan hedduu akka ta’an xiinxaltoonnii fi ragaaleen seenaa ni mulisu.
Rakkooleewwan kanneen keessaa muraasa fi warri ijoo ta’an; rakkoo kiraasassaabdummaa (corruption), rakkoo shororkeessummaa, mankaraaressummaa, rakkoo dhukkuba dadarbaa akka HIV-Eedsii fi Ebolaa, rakkoo walitti bu’iinsa gosaa fi daangaa (ethnic and boundery conflicts), rakkoo bulchiinsa gaarii, rakkoolee ilaalcha, dhaabbilee maallaqaa ciccimoo ta’e akka ardichaa tti dhabuu, dhiibbaa siyaas-dinagdee biyyoota guddatanii fi kkf yennaa ta’u mata duree itti aanu keessatti bal’inaan kan ilaalla ta’a.
Kaayyoo Barnootichaa
Leenjifamtoonni barnoota mata duree kana jalatti kennaman herga baratanii booda:
 Dhimmoota addunyaalessaa fi afrikaalessaa guddina Afrikaa irratti gufuu ta’an adda baasuun ni ibsu
 Dhiibbaa giloobaalizeeshiniin Afrikaa irratti qabu adda baafachuun xiinxala mataa isaanii ni kennu
 Rakkoolee ardicha keessatti uummatni guddina Afrikaa duubatti harkisan ni tarreessu
 Dhiibbaa gurguddoo sirni gabrummaa guddina Afrikaa irraan ga’e ni ibsu.
 Rakkoowwan yeroo ammaa guddina Afrikaa irratti gufuu ta’aa jiran kanneen akka mankaraaressummaa, kiraasassaabdummaa, dhukkuba Ebolaa fi kkf haala kamiin dura dhaabachuun akka danda’amu irratti marii furmaata ni nigaggeessu.
Gocha Barattootaa
 Wantoota guddina ardii afrikaa irratti gufuu ta’an maalfa’aa akka ta’an ni beektaa mee tarreessu
 Dhiibbaa sirni kolonummaa guddina siyaas-dinagdee afrikaa irraan ga’e jira jittee yaadda? Yoo jiraate bifa kamiin ibsa gabaabaa garee kee wajjin mari’adhuu dhiheessi.
 Wantoonni nagaa fi tasgabbii afrikaa yeroo ammaa kana qoraa jiran maal fa’i? bifa kamiin dura dhaabachuun danda’ama jettee yaada?

3.6.1.Rakkoo Nageenyaa
Bilisummaan booda biyyoota Afrikaa heddu keessatti dhimmi nageenya keessoo fi karaa alaa guddina Afrikaa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo cimaa barbaaddaa tureera. Sababiin isaa nageenyii fi guddinni ardichaa haala kamiinuu adda ba’ee kan hinlaalamnee fi nageenyi keessoo Afrikaa waraana hololaa booda yaaddoo siyaasaa isa cimaa waan ta’aa dhufeefidha.
Biyyoonni Afrikaa hedduun dhiibbaa koloneeffattoota ofirraa kuffisan illee sababaaota akka walitti bu’iinsa gosaa (ethnic conflicts), sababa walitti bu’insa daangaa (boundary conflicts), sababa dhibiinsa bulchiinsa gaarii fi kkf niin rakkoo nageenyaa fi tasgabbii dhabuu cimaa keessa seenanii turaniiru.Keessumattuu sababa dhibiinsa bulchiinsa gaarii fi aangoo to’achuu qondaaltota waraana jeequmsi ardicha keessatti ka’an guddina ardichaa daran duubatti harkisee tureera. Kun utuu kanaan jiruu, guddina siyaas-dinagdee afrikaatiif guddinni qabeenya humna namaa, ijaaramsi siyaasaa cimaanii, guddinni dinagdee itti fufiinsa qabuu fi nageenyi amansiisaan baay’ee murteessaa dha. Bilisummaan booda Afrikaa keessatti nagaa fi tasgabbii buusuu keessatti gumaache Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (OAU), yeroo ammaa keessa immoo Gamtaan Afrikaa (AU) fi dhaabbileen Afrikaa biroon gumaacha guddaa gochaa turaniiru.
Sababiinsaa dhaabbileen kunneen tarkaanfii hundeqabeessa fudhatanii nageenya ardichaa mirkaneessuu yoo dadhabaniyyuu, rakkoolee karaa nagaan hiikuuf akkasumas nagaa fi tasgabbii fiduu dhaaf chaartera Mootummoota Gamtoomanii (UNO) waan bu’uureffataniif nageenya afrikaaf tarkaanfii fakkeenyummaa qabu socho’aniiru jechuuf nidanda’ama.Tattaaffin dhaabbilee kanneenii barbaachisummaa nageenyi guddina Afrikaa keessatti qabu hubachiisuu irra darbee afrikaanonni waa’ee guddinaa fi nageenyaa walfaanatti akka ilaalan hubannoo cimaa kenneera.Guddina biyya tokkoof nageenyi fi tasgabbiin siyaasaa haalduree isa ijoo waan ta’eef hundumti waa’ee nageenyaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuu qaba. Hata’u malee bulchitoonni biyyoota dinagdeen duubatti hafanii nageenya buusuun kan danda’amu humna waraana cimaa ta’e ijaarrachuu dha jechuun yaadau. Hata’u malee humna waraana cimaa qabaachuun kophaa isaa nageenya naannoo tokkoo fiduu gonkumaa hindanda’u.
Kanaafuu, nagaa fi tasgabbii ardii Afrikaa keessatti mirkaneessuuf imaammata nageenyaa hirmaachisaa fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun murteessaa ture. Faallaa kanaa mootummoonni bilisummaan aangoo tti dhufan baayinaan mootummaa imaammata humna waraana cimaa ijaaruun oftuulummaa fi abbaa irrummaa babalisaa turan waan ta’eef rakkoo nageenya ardichaa furuun hafee irra caalaa tti kan babalisan ture. Rakkoon gosummaa, walitti bu’insi daangaa, hanqinni bulchiinsa gaarii, sarbamuun mirgoota namummaa fi Dimookiraasii daran rakkoolee nageenya fi tasgabbii siyaasa Afrikaa kanneen miidhaa turan keessaa warra ijoo dha.Ardiin Afrikaa keessatti sababa walitti bu’iinsa garagaraa rakkoon nageenya keessoo bal’inaan mula’achaa tureera. Walitti bu’iinsi naannoo hooggantoota waraanaa waldorgoman (warlords) , ummatoota ollaa gidduutti gaggeeffamaa tureera.
Fakkeenyaaf, walitti bu’iinsa Sudaan Kaabaa fi Kibbaa gidduutti gaggeeffamaa ture, walitti bu’iinsa gosaa ummata Sumaalee gidduutti ittifufinsaan gaggeeffamaa ture, walitti bu’iinsa daangaa Itoophiyaa fi Eritiraa gidduuttutti godhamaa turan nageenya ardichaa miidhuurra darbee rakkoo nyaataan ofdanda’uu, rakkoo hawaasummaa, rakkoo gammoojjummaa, humna oomishaa ardichaa fi kkf daran miidhee ture. Kanaafuu, rakkoon dhibiinsa nageenyaa fi tasgabbii siyaasaa guddina ardichaa irratti gufuu guddaa tureera.
3.6.2. Rakkoo Bulchiinsa Gaarii
Ummanni Afrikaa imaammata dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa ardicha keessatti qophaa’an hojiitti jijjiiree guddina ardichaa keessatti ga’ee isaa taphachuuf adeemsa murtee kennuu (decision-making process) keessatti hirmaannaa daangaa hinqabne gochuun murteessaa dha. Aangoo murteessummaa ummataa keessatti immoo sirni bulchiinsa gaarii iftoomina, gahumsaa fi amansiisaan ta’e jiraachuun murteessaa dha.
Bulchiisni gaariin hunda hirmaachisu abbummaan ummataa fi ittigaafatummaa qaamahundaa waan cimsuuf guddina dinagdee biyya tokkoo keessatti ga’ee guddaa taphata.Akkuma beekamu, qabeenyi Afrikaan qabdu inni guddaan humna namaa (human capital) fi qabeenya uumamaa (natural resources) waan ta’eef haala amansiisaan ta’een wantoota kana lamaan walitti fiduun guddina biyya dhugoomsuuf bulchiisni gaariin jiraachuun ga’ee bakka bu’insa hinqabne taphata.Akka beektonni dinagdee ibsanitti dinagdeen ammayyoome gaggeessuuf humni nama baratee haala jijjirama yeroo wajjin adeemuun danda’u (information based) fi haalli hojii mijataa ta’e (healthy working environment) jiraachuun barbaachisaa akka ta’e ibsu. Karaa biraatiin dinagdee ammayyawaa uumuuf dursa investimentiin qabeenya humna namaa barbaachisaa dha.
Kunis maloota ijaarsa dandeettii gara garaa fayyadamuun jijjirama ilaalcha (attitude), ga’umsaa (academic skill) fi fedhii (interest) uumuu ciminaan hojjechuun murteesssaa dha. Kana ta’uu baannaan namni tokko ga’umsa qofaa qabaatee fedhii fi ilaalcha gaarii hojiif hin qabu yoo ta’e bu’aan inni guddina keessatti buusu xiqqaa dha.Humna namaa fi qabeenya uumamaa walitti fiduun guddina biyya tokkoo saffisiisuuf bulchiisni gaariin jiraachuun murteessaa dha.Hata’u malee, ardiin Afrikaa barnoota hedduu dhaaf sirna bulchiinsa gaarii dhabuu dhaan dhiibbaa mootummoota abbaa irree jalatti dararamaa turteetti.
Keessumattuu bulchiinsa halagaa jalatti kufanii kaasee dhaabbileen bulchiisni aadaa (indigenous administrative institutions) fedhii hawaasaa irratti bu’uureffamanii ijaaraman fi dimookiraatawaa ta’an kanneen akka Sirna Gadaa Oromoo (Oromo egalitarian democratic institution) fa’aa herga dhorkamanii kaasee hanga bilisummaa ardichaa tti bulchiisni gaariin kan gaafatama hin turre.
Bilisummaa booda ummanni ardichaa baay’een fedhii dheebuu bulchiinsa gaarii ba’uuf hawwii guddaa godhatee kan ture ta’ullee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti ajajoonni waraana aangoo bulchiinsa to’achuun mootummoota abbootii irree waan ijaaraniif hawwiin bulchiinsa gaarii ummata ardichaa utuu galma hinga’iin hafuu danda’eera. Sababiin isaa inni guddaan ummanni fedhii isaaniin itti amananii hirmaannaa misooma kan godhan utuu hin ta’iin dirqama fedhii ittigaafatamtootaan itti kenname ba’uuf qofa kan raawwatan ture.
Karoorsuu dhaa jalqabee hanga raawwiitti aangoo murteessummaa waan hinqabneef abbummaan itti kan dhaga’amu hin turre. Hundaa ol ummanni mirga firii dafqa isaatti fayyadamuu guutuu waan hinqabneef haamilee gadibu’aan hirmaannaa misooma raawwachaa akka ture ragaaleen nimulisu.
Walumaagalatti, dhaabbileen bulchiinsa mootummoota Afrikaa bulchiinsa gaariin walqabate hirinoota kanaan gadiin beekamu:
 Hirmaachisummaan hojjechuu irra waan hundaa ofumaan raawwachuuf dhama’u
 Ol’aantummaa seeraa hinkabajan
 Giddugaleessummaa Qaamolee bulchiinsa sadeenii(seera tumtuu, seera raawwachiiftuu fi seera hiiktuu) hin eegan
 Qaamolee bulchiinsa gahumsaa fi beekumsa akkasumas dorgomaa ta’een kan ijaaraman miti
 Qaamoleen bulchiinsa baayinaan gosa, firaa-firooma, akkasumas naannummaa fi kkf bu’uureffatee kan ijaaramu
 Hooggantoonni amala kiraasassaabdummaa cimaa ta’een kan beekaman dha
Kanaafuu, hanqinni bulchiinsa gaarii haala cimaa ta’een guddinni ardichaa akka duratti tarkaanfachiisuu dadhabuu irra iyyuu duubatti harkisuuf sababa guddaa ta’ee tureera.
3.6.3.Rakkoo Gogiinsaa (Hongee)
Rakkoon gogiinsa biyyoota Afrikaa baay’ee keessatti irra deddeebi’ee hawaasa ardichaa keessumattuu hawaasa horsiisee bulaa miidhaa tureera. Rakkoon hongee cimaa biyyoota Afrikaa garagaraa rukutaa ture kunis hanqina nyaataan ardicha keessatti uumuun hawaasni bal’aan beela cimaa ta’een akka rukutamu godheera. Rakkoon beela yeroo gara garaa tti sababa rakkoo uumamaan (hanqina roobaa) ardicha keessatti uumamaa ture rakkoo nyaataan ofdanda’uu biyyoota Afrikaa ta’uu irra darbee jeequmsa siyaasa uumaa akka ture ragaaleen tokko tokko ni agarsiisu.
Gama biraatiin afrikaanonni ofii rakkocha furachuu irra gargaarsa nyaata biyya alaa(foreign food aid) qofa akka eegan waan godheef aadaa eeggattummaa cimaa dagaagsee ture. Rakkoon hongee Afrikaa kun dhufuu kan danda’e sababa hanqina gahumsa caasaalee hooggansa cimaa sadarkaalee adda addaa, kan naannoo, biyyoolessaa jiranii akka ta’e himama. Balaa hongee kanaan biyyoonni akka Sumaaliyaa, Itoophiyaa, Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan, Zimbaabuwee fa’aa haala gaddisiisaan akka miidhaman ragaaleen nimulisu.
Walumaagalatti, balaan hongee ardicha keessatti mula’achaa ture humna oomishaa ardichaa daran miidhuu irra iyyuu mootonni yeroo isaanii guddina ardichaa fiduu irra tarkaanfii lubbuu baraaruu irratti akka dabarsan godheera.
3.6.4.Hanqina Bu’uuraalee Misoomaa
Bu’uuraaleen misooma kanneen jedhama keessaa kanneen akka daandii, dhaabbilee tajaajilaa fayyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, manneen barnoota, ibsaa fi kkf yennaa ta’an adeemsa guddina biyya tokkoo keessatti ga’een isaan taphatan olaanaa dha. Fakkeenyaaf, firii oomishaa gara gabaa tti geeffachuufis ta’ee callaa guddistuuwwan adda adda bitatanii gara mana ofitti gegibsiifachuuf daandiin jiraachuu qaba.
Gama biraatiin qaamaa baratee waa uumsuun guddina biyya keessatti ga’ee taphatuu fi humna oomishaa fayyaa buleessa argachuu keessatti manni barnoota fi dhaabbanni fayyaa jiraachuun murteessaa dha.Hata’u malee biyyoonni Afrikaa barnoota hedduuf dhiibbaa sirna gabrummaa cimaa fi gita bittaa abbootii irree jala waan turteef gaaffileen bu’uuralee misoomaa kan hin yaadamne ture. Naannolee tokko tokko tti fedhii siyaasaa fi dinagdee koloneeffattoota fi abbootii irree galmaan ga’uuf hanga tokko kan babal’atan ta’ullee naannolee magaalaa fi warshaalee koloneeffattoota qofaatti waan xiyyeeffateef hawaasa bal’aa kan fayyade hin turre. Kana irraa kan ka’e naannolee hedduun ardichaa sababa hanqinaalee bu’uura misoomaa guddinni isaanii duubatti harkifachuu danda’eera.
Gocha Barattootaa
 Shororkeessummaan maal? Maddi isahoo? Akkamitti akka madda rakkoo siyaasa afrikaa yeroo ammaa ta’ee fi mala kamiin dhabamsiisuun akka danda’amu irratti garee keessaniin mari’achuun gabaasa barreeffamaa barattoota dareef dhiheessaa.
 Mankaraaressummaa jechuun maal jechuudha? Walfakkeenyi fi garaagarummaan inni shororkeessummaa wajjin qabu jira? Yoo jiraate bifa kamiin ibsama? Gareen mari’adhaa gabaasa marii keessaniin barattootaaf dhiheessaa
 Kiraasassaabdummaan maal? gufuu guddina dinagdee ardii afrikaa haala inni itti ta’eef mala ittiin to’achuun danda’amu ibsa gabaabaa dhiheessi

3.6.5.Rakkoo Shororkeessummaa (Problem of Terrorism)
Akka ragaaleen adda addaa mulisanitti hawaasni amantii islaamummaa hordofan persentii 40-50 nita’u jedhamee tilmaamama.Sochiin shorkeessummaa cimaa ta’e naannoo hawaasni musiliima addunyaa bal’inaan qabatanii jiraatan ciminaan mul’atee argama. Hata’u malee rakkoon sochii shororkeessummaa Islaamummaa (amantii) miti. Dhugaan kana ta’ee utuu jiruu gareen shororkeessitootaa fedhii, siyaas-dinagdee isaanii galmaan ga’achuuf ayidooloojii Islaamummaa tti fayyadamuun nagaa fi tasgabbii addunyaa waliigalaatti jeeqaa jiru. Sochiin shororkeessitootaa kun ardii Afrikaa keessatti ciminaan hundee isaanii cimsachuun guddina ardichaa duradhaabachuuf herga jalqabee waggoonni heddu lakka’amaniiru.Sochiileen fi tarkaanfii shororkeessitoonni yeroo gara garaa biyyoota Afrikaa garagaraa kanneen akka Keeniyaa, Sumaaliyaa, Sudaan, Naayijeeriyaa, Gibxi fi kkf keessatti fudhachaa turaniin qabeenyi baay’een barbadaa’aniiru, lubbuu heddu galaafatameera, nageenyi ardichaa boora’eera.
Kanaafuu, rakkoon shororkeessummaa guddinna has-dinagdee fi siyaasa Afrikaa irratti gufuu guddaa ta’uu danda’eera.Rakkoo kiraasassaabdummaa (Corruption), walitti hidhimiinsa dinagdee (economic interdependence) cimaan dhabuu, fi rakkoo dhukkuba daddarboo akka HIV-Eedsii fi Ebolaa warren guddina ardii Afrikaa irratti gufuu ta’an keessaa warren biroo akka ta’an ragaaleen adda addaa bal’inaan nimulisu.
3.6.6.Dhiibbaa Siyaas-Dinagdee biyyoota guddatanii
Yeroo ammaa kana biyyoonni Afrikaa hedduun maqaa “guddina ariifachiisaa fi haaromsa” jedhuun maallaqaa guddaa ta’e biyyoota guddatanii fi dhaabbilee maallaqaa Addunyaa gara garaa irraa fudhachaa jiru. Liqiin maallaqaa guddaa ta’e biyyoonni liqeeffachaa turan kun yeroo ammaa kana biyyoota Awurooppaa muraasa kan miidhe ta’u illee dhiibbaan isaa gara fuulduraatti Afrikaa garmalee miidhuu danda’a sodaan jedhu beektota garagaatiin ibsamaa jira. Sababiin isaa rakkoon liqii guddaa ta’ee yeroo ammaa biyyoota Awurooppaa tokko tokko tuqaa jiru kun yeroo dheeraa booda biyyoota Addunyaa biroo akka ardii Afrikaa fi Eshiyaattis akka tamsa’uu danda’u tilmaamuun nidanda’ama.
Gama biraatiin rakkoon kufaatii dinagdee sababa liqii daangaa dhabeessaan Awurooppaa keessatti uumame kun ofitti amanamummaa daldala biyyoota guddatanii waan miidheef sochii daldala fi investimantii dhaan biyyoota guddachaa jiran keessatti godhamu irratti dhiibbaa guddaa uumuun isaa hin oolle. Kufaatiin maallaqaa fi dinagdee addunyaalessaa bara 2007-2008 (global financial and economic crisis 2007-2008) gidduutti addunyaa quunnamee ture kufaatii dinagdee biyyoota awurooppaantotaaf (‘Euro-zone) daran cimsee ture. Kufaatiin Eur-zonii kunis cimaa dhufuun bara 2012 tti rakkoo dinagdee addunyaalessaa (global economic problem) ta’ee dafamee furuun illee ulfaate liqiin biyya alaa hangam akka Afrikaa yaaddessu barumsa ta’uu nidanda’a.
Gocha Barattootaa
 Guddinni cimaan biyyoota awurooppaatti mul’ate duubatti hafinsa cimaa afrikaatiif sababa ta’eera warri jedhan jiru. Yaada kana dhugaadha jettee ni deggartaa? Bifa kamiin? Ibsa itti kenni
Akka ragaaleen tokko tokko mulisanitti guddinni cimaan biyyoota Awurooppaa guddachuu dhabuu ardii afrikaatti sababa guddaa akka ta’e fudhachuun nidanda’ama.akkuma beekamu warraaqsa warshaaleen booda guddinni dinagdee fi teknooloojii ardii Awurooppaa keessatti mul’ate fedhii dinagdee biyyoota duubatti hafanii to’achuu (overseas economic control) fi ol’aantummaa siyaasa isaan daran akka guddise kan walnama falmisiisu miti.
Biyyoonni dinagdeen guddatan kunniin fedhii meeshaalee dheedhii (raw materials), lafa gabaa haaraa(new market centers), humna oomishaa gatii laafaa dhaan argachuun fi qotee bultoota isaaniif lafa qubannaa argachuuf qabanii biyyoota duubatti hafoo akka Afrikaa ofjala galfachuuf waldorgommii cimaa gochaa turan.
Fedhiin dinagdee biyyoota giddatan kanneen akka, Ingiliz, Faransaay, Jarmaan, Xaaliyaan, fi kkf kunis gidduusaaniitti walitti bu’insa biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti akka uumu godhe ture.Hata’u malee furmaata hoogganaan Jarmaan O.V.Bismaark qopheessu irratti hundaa’uun walitti bu’insa tokko malee ardii Afrikaa qooddachuuf magaalaa Barliin irratti bara 1884-5tti waliigaltee uuman. Waliigaltee Barliin booda biyyoonni Afrikaa Itoophiyaa fi Laayibeeraa irraa kan hafe hundi sirna gitabittaa biyyoota guddatanii jalatti kufuuf dirqaman. Afrikaanonni dhiibbaa meeshaalee waraana jabanaa awurooppaanotaa irraa kan ka’e sirna gabrummaa jalatti kufuun humna isaaniin ardittii guddisuurra guddina awurooppaaf galtee (input) ta’uu danda’an.
Awurooppaanonnis akkuma guddinni teknooloojii fi dinagdee isaanii dabalaa adeemuun yeroo yeroo tti mala saamicha Afrikaa jijjiirrachuun qabeenya uumamaa fi qabeenya humna namaa ardichaa saamaa turaniiru. Gama birootiin daangaalee biyyoota Afrikaa sababa bulchiinsa kolonii walitti makuu irraa kan ka’e bilisummaan booda biyyoonni Afrikaa heddu gidduutti walitti bu’insa daangaa akka uumamuuf sababa ta’aniiru.Yeroo ammaa kana keessatti sirni kolonummaa kan hinjirre ta’ullee dhiibbaan biyyoonni guddatan biyyoota Afrikaa dinagdeen duubatti hafoo ta’an irratti gochaa jiran baay’ee guddaa dha.
Maqaa gargaarsaan sirna dinagdee fi siyaasaa biyyoonni guddataa jiran keessatti dorgomuu hindandeenye” neo-liberalism” afrikaanonni akka hordofan dhiibbaa godhu. Afrikaanonni humna dinagdee jabaa dhabuu irraa kan ka’e falaasama siyaas-dinagdee warra liqii argachuuf illee akka ulaagaa haalduree tti kaa’amu kana fudhachuuf dirqamau.Walumaagalatti dursanii duroomuun ardii Awurooppaa garmalee saamamuu fi dinagdeen duubatti hafuu afrikaaf sababa ta’uu irra darbee afrikaanonni dorgommii sirna giloobaalizeeshii keessatti bu’a qabeessa akka hintaanee dhiibbaa godheera.
Gabaabaatti, ga’ee daran guddachun Awurooppaa guddinaan duubattafuu afrikaaf gumaache beektonni seenaa “The development of development in Europe is the development of under development Africa “jechuun ibsuuf yaalaniiru.Dhaabbileen maallaqaa biyyoota guddatanii itti dinagdee Afrikaa dadhabsiisan keessaa inni biroon guddina ardii Afrikaa saffisiisuuf ga’een daldala biyya alaa fi investimantii isa guddaa dha. Hata’u malee, humna ardichaa gadi qabuuf gatii meeshaa afrikaanotaa gadi buusuu fi gatii meeshaalee Afrikaa seenanii olkaasuun Afrikaan daldala kisaaraa keessa akka galtu gochuu yaalu.
Gama birootiin kallattiiwwan ittiin maallaqni Awurooppaa ittiin ardicha tti dhangala’u— deggarsa mootummaan biyyoota afrikaaf godhu hirisuu ((including reductions in Official Development Assistance (ODA) fi sochii investimantii kallattiin (Foreign Direct Investment (FDI) Afrikaa dura dhaabachuun humna maallaqaa ardittii miidhuuf akka yaalan ragaaleen nimulisu. Kunis kan mulisu maallaqni biyyoota guddatanii gara ardii Afrikaa dhufu kallaattii kamiinuu dhimma imaammata siyaasaa biyya isaanii cimsuun akka walqabate hubachuun nidanda’ama.
3.7. Dhaabbani Tokkummaa Afrikaa Gara Gamataa Afrikaa (AU) tti Jijjiramu
Seensa
Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa (OAU) bara1963tti biyyoota Afrikaa 32 warreen bilisummaa isaanii argataniin hundaa’e. Biyyoonni 21 suuta suutaan adeemsa keessa dhaabbatichatti kan makaman waan ta’eef yeroo dhabbatichi bara 2002 gara Gamtaa Afrikaatti haaromfamu lakkoofsi miseensota dhaabbatichaa 53 irra ture. Bara 2011tti Sudaan Kibbaa biyya ofdandeesse tokko waan taateef miseensi Gamtaa Afrikaa(AU) 54 ta’uu danda’eera.
Akkuma beekamu kaayyoon Dh.T.Afrikaa duraanii Tokkummaa fi bilisummaa ardii Afrikaa mirkaneessuu, walgargaarsa biyyoota Afrikaa fooyyessuun rakkoo nageenyaa fi misooma ardichaa furuun ardicha bakka jireenya dhala namaa mijataa ta’e uumuu kan jedhu ture. Akkasumas bilisummaa ardichaa eeguu fi daandaa biyyoota miseensaa seeraan akka kabajaman gochuu fa’a ture. Dhiibbaan sirna kolonii ardii Afrikaa fi sirna Appaartaayidii yaada ka’umsa Tokkummaa Afrikaa kanaaf ka’umsa guddaa akka ta’e beektonni niibsu.
Kunis biyyoonni Afrikaa walitti dhufeenya siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, barnoota, aadaa cimaa uummachuun waljijjiirraa teknooloojii, waliin rakkoolee ardichaa furuu fi humna ittisa irratti imaammata walfakkaatu baafachuun ardicha balaa irraa eeguu yaada jedhu ofkeessatti qabatu ture. Baroota 1990 moota kaasee hooggantoonni Afrikaa Caasaan Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa (OAU) fooyya’ee fooyya’insa ardichaa daran akka cimsu dhiibbaa gochuu jalqaban. Kanaafuu kaayyoon mata duree kanaa haala itti aanu tti tarreeffamuuf yaalameera.
Kaayyoo Barnootichaa
Leenjifamtoonni mata duree barnootichaa herga baratanii booda:
 Sababoota fooyya’insa chaartera Dh.T.Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti godhan ni himu.
 Haaromsa Dh.T.Afrikaa keessatti hooggantoota biyyoota ga’ee guddaa taphatan ni himu
 Kaayyoowwan Gamtaa Afrikaa kan Dh.T.Afrikaa irraa wanta adda godhu ni ibsu
 Caasaa bulchiinsa Gamtaa Afrikaa nitarreessu
 Ciminaa fi laafinsa Gamtaa Afrikaa adda baasuun ni himu
Gocha Barattootaa
 Sababootni haaromfamuu Dhaabbtata Tokkummaa Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti godhan maalfa’i?
 Kaayyoo dhaabbata Gamtaa Afrikaa (AU) kan Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa irraa kan adda godhu maal?
 Mariiwwan haalduree Gamtaa Afrikaa hundeessuuf gaggeeffaman irratti gabaasa dhiheessi
 Ciminnaa fi laafina Gamtaa Afrikaa akkamitti madaalta? Ibsa kenni

3.7.1.Gara Gamtaa Afrikaatti Ce’umsa godhame
Bara 1990 moota keessa hooggantoonni biyyoota Afrikaa dhiibbaa addunyaan ammayyaa (Globalization) ardii Afrikaa irratti mulisaa jiru qolachuuf Chaartera Dh.T.Afrikaa fooyya’uu akka qabu mari’achuu jalqaba. Bu’uuruma kanaan bara 1999 keessa hooggantoonni Dh.T.Afrikaa fi mootummoonni dhaabbanni Gamtaa Afrikaa (AU) haaraan akka hundeeffamu labsii Sirxee (the Sirte Declaration) dabarsan. Haaromsa Dh.T.Afrikaa tiif gumaachi piresidaantii Liibiyaa duraanii, koloneel Gaadaafii guddaa akka ture ragaaleen tokko tokko nimulisu.
Akka labsicha tti mulatni gamtichaas hojii Dh.T.Afrikaa(OAU) bifa haaraan fooyyessuun walitti hidhimiinsa dinagdee, hawaasaa ,siyaasaa fi akkasumas aadaa Afrikaa dhugoomsuuf afrikaanonni cimanii ofiin rakkoo isaanii akka furatan, sirna dinagdee giloobaalizeeshiniin keessatti dorgomtoota akka ta’an qaamaa godhu hundeessuu ture. Dabalataanis, gamtaa cimaa rakkoowwan heddu dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee ardichaa irratti gufuu ta’an adda baasee tarkaanfii furmaata fudhachuu danda’u uumuu mul’ata jedhu qaba.Utuu Dhaabbatni Gamtaa Afrikaa hundaa’uun seera qabeessaan hin labsamiin dura walga’iiwwan haalduree sadii gaggeeffamanii turan.
Isaanis: inni jalqabaa, Marii Loomee bara 2000 taa’ameen seerotni labsii gamtichaa akka qophaa’an ta’e. Lammaffaan, walga’ii Lusaakaa bara 2001 godhameen sagantaan raawwii (road map of implementation) gamtaa Afrikaa akka qophaa’u ta’e. Walga’ii sadaffaan magaalaa Durban irratti bara 2002 kan gaggeeffame yennaa ta’u walga’ii isa xumuraa Gamtaa Afrikaa akka hundaa’e dhugoomse dha. Darbaan irratti yaa’ii tokkoffaa hooggantoota biyyoota fi mootummaan godhameen Caasaan Dh.T.Afrikaa murteessoo ta’an gara Gamtaa afrikaatti fooyya’uu danda’eera. Haaluma kanaan ittigaafatummaa fi quuqamuun duran ture akkuma jiru tti akka itti cimu, murtoowwanii fi istraatejiiwwan duraan turan bu’uura imaammata Gamtaa Afrikaa ta’uun fudhatamaniiru.
Yaadonni bu’uuraa Dh.T.Afrikaa ciminaan ittihaafufan malee seerotni labsii Gamtaa Afrikaa (AU) fi pirootookooliinsaa caasaa haaraa akka ofkeessatti qabatu godhamee hundaa’eera. Kanaafuu, caasaan Gamtaa Afrikaa caasaa sadarkaa olaanaa ofjala tti koreewwan tekinikaa fi deggarsa kennan garagaraa ofkeessatti qabatee ijaarame. Caasaaleewwan kunniin baay’een isaanii bara2002 irraa jalqabamanii kan qophaa’an yennaa ta’u kanneen kaan ammayyuu fooyya’aa jiru.Haaromsi Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti godhame galma ga’iinsa yaada Paan Afrikaanismii keessatti bakka guddaa qaba.
Hundeeffamun Gamtaa Afrikaa (AU) walitti hidhimiinsa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa biyyoota ardii Afrikaa galmaan ga’uu keessatti ga’ee guddaa taphateera. Kanaafuu, haaromsi Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti godhame Tokkummaa’uu afrikaanotaa daran cimsuun rakkoo ardichaa humna ardichaan furuun akka danda’amu gumaacheera.Qajeelcha dhaabbanni Gamtaa Afrikaa godheen mootummoonni Afrikaa dhimmoota gara garaa irratti Sagantaa tarkaanfachiisaa ta’an heddu qopheessuun walitti hidhimiinsa hawaas-dinagdee fi siyaasa Afrikaa fooyyessuu danda’aniiru.
Miseensonni dhaabbatichaa guddina ardii Afrikaa daran saffisiisuun rakkoolee hawaas-dinagdee akkasumas siyaasa haala dimookiraatawaa fi hirmaachisaa ta’een furuuf ittigaafatummaa cimaa fudhachuuf murtee guddaa fudhachuun sochii cimaa godhaniiru.Keessumattuu mala dimookiraatawaa ta’een dhimmoota ardichaa kanneen akka walitti bu’insaa karaa nagaan furuu, daldala ardicha keessatti biyyoota gidduutti akka himu gochuu fi walittihidhamiinsa dinagdee biyyoota Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guddaa ta’e agarsiisaniiru.
Kanaafuu, bara hojii Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa wajjin yeroo waliin madaalamu, dhaabbanni Gamtaa Afrikaa fiixaan ba’insa hojiiwwan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa guddaa akka ardicha keessatti argamsiise kan walnama gaafachiisu miti. Keessumattuu karaa nagaa fi tasgabbii buusuu tiin guddaa hojjeteera.Biyyoonni bara 1990 moota keessa jeequmsa guddaa keessa turan kanneen akka Ruwaandaa,Laayibeeriyaa fi Seraaliyoon tattaaffii Gamtaan Afrikaa nagaa buusuun godheen nageenyi amansiisaan biyyoota kanneen keessatti argamuu danda’eera.
Gama dinagdeetiinis yoo ta’e sagantaawwan misoomaa hirmaachisaa ta’an hijiirra akka oolan gochuun deggarsa guddaa godheera.Hata’u iyyuu malee Gamtaan Afrikaa wantoota heddu qabatamaa gochuun rakkoolee ardichaa furuu irratti baay’ee sadarkaa abdachiisaa irra akka hingeenye ogeessonni siyaasaa dhaabbatichaa qeequuf niyaalu.Akka gareewwan kun jedhanitti hooggantoonni dhaabbatichaa hundeessan baay’een isaan sababa kufaatii siyaasa biyya isaanii isaan mudateen dadhabaa waan adeemaniif miirri Tokkummaa duraan yaadame dadhabaa akka adeeme dubbatu.
Kanaafis akka fakkenya Guddaatti kan ka’u kufaatii koloneel Gaadaafiiti. Gaadaafiin Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti ceesisuu keessatti ga’ee olaanaa taphatee kan ture dha.
Hata’u malee kufaatii isaa booda biyyi Liibiyaa Gamtaa Afrikaa akka bara Gaadaafiitti kan leellistu hinfakkaattu. Walumaagalatti, Sababoota gurguddoon lamasababa ayidooloojii dadhabaa fi ijaarsa siyaasaa laafaa gamtichaa fi walitti hidhimiinsa dinagdee cimaan biyyoota miseensaa gidduutti uumamuu dadhabe gamtichi Sagantaa isaa akka eegametti qabatamaa gochuu hindandeenye.
Gudunfaa Boqonnichaa.
Biyyooni Afrikaa bilisummaa bara 1960 moota booda qabsoo fi wareegama guddaan bilisummaa kan argatan yommuu ta’u, sirni koloniis Afrikaa irraan rakkoolee hedduu gama siyaasaan,dinagdee fi hawaasummaan ka’e darbeera. Biyyooni Afrikaas rakkoolee kallattii adda addaan isaan mudatu hiikachuuf akka isaan gargaarutti dhaabbilee adda addaa hundeeffataniiru. Keessumatu dhaabbatni tokkummaa Afrikaa bara 1963 hundaa’e hundeeffamu dhaabbilee naannoo Afrikaatti argaman biroof sababa kan ta’e dha.
Qabxiin biroon boqonnaa kana keessatti ilaale jiru Appartayyiddi Afrikaa kibbaa keessatti gaggeeffama ture yommuu ta’u, imaammatni hamaa kunis waggoota hedduuf laammilee Afrikaa kibbaa irraan miidhaa geessisuus qabsoo gurraachootni Afrikaa kibbaan taasisaniin bara 1990 mootan booda digamuu danda’era. Waluma galatti, biyyonni Afrikaa erga bilisummaa argatan booda rakkooleen hedduun ardii kana keessatti mulataniiru. Isaanis kanneen akka hiyyummaa,waraana walii waliin,shoroorkeessummaa,daldala meeshaa waraana fi kanneen kana fakkaatan dha. Rakkoolee kannen hiikuuf jecha kuttannoo gaariin dhaabbatni tokkummaa Afrikaas gara Gamtaa Afrikaatti ce’uun kaayyoo haaraa waliin hundaa’u danda’eera.
Gaffilee Armaan gadiif deebii gabaabaa kenni

  1. Dhaabbatni Tokkummaa Afrikaa hundeeffamuu isaan dura adeemsa akkami keessa bahe
  2. Dhabbatni tokkummaa Afrikaa eessatti fi yoom hundeeffame ?
  3. Caasaalee gurguddoo dhaabbata tokkummaa Afrikaa gahee isaanii waliin tarreessi ?
  4. Dhabbatni tokkummaa Afrikaa yoom gara gamtaa Afrikaatti ce’e ? garaagarumman isaan hoo maalii ture?
  5. Waraanni ololaa haala akkaamiin Afrikaa irraan miidhaa geessise?
  6. Rakkoolee gurguddoo bilisummaa booda Afrikaa keessatti mulatan fi har’as mulata jiran adda baasuun tarreessi?
Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.