Action Research Theory – ACR 301

QORANNOO GOCHAA
Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Keessatti
[AcR-301]

Moojula Sagantaa Dippiloomaaf (10+3) Qophaa’e

Qopheessitooni:

  1. Muktaar Badawwii (MA) KBB Adoolaa
  2. Alaazaar Kaasaahuun (BA) KBB Adoolaa

BBO Hagayya 2007

QORANNOO GOCHAA
Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Keessatti
[AcR-301]

Moojula Sagantaa Dippiloomaaf (10+3) Qophaa’e

Qopheessitooni:

  1. Muktaar Badawwii (MA) KBB Adoolaa
  2. Alaazaar Kaasaahuun (BA) KBB Adoolaa

Gulaaltonni:
Darajjee Abdii (MA) KBB Asallaa
Abdulhayyii Awwal (MA) KBB Roobee

Ibsa Korsichaa
Manneen barnootaa jijjiiramoota hawaasa keessatti eeggaman fiduudhaaf kan ijaarramani dha. Jijjiirama eeggame kanaa fi fooyya’iinsa fiduun ammoo, gochaalee baruu-barsiisuu, kan barsiisoonni guyyaa guyyaan manneen barnootaatti hojjattan keessatti rakkoolee isaan mudachuu danda’u furuu ibsa. Rakkoolee kana furuuf ammoo barsiisoonni ogummaa qorannoo gochaa ittiin hojjachuu danda’an qabaachu qabu.
Kanaafu, korsiin kun Kaadhimamtoonni barsiisotaaf yaad-rimee bu’uuraa qorannoo gochaa hubachiisuu fi adeemsa baruu barsiisuu keessatti rakkoolee isaan mudatan furuuf qorannoo gochaatti akkamiin akka fayyadamu danda’an beeksisuuf kan qophaa’eedha. Dabalataanis akkamiin akka rakkinnicha adda baasan, odeeffannoo walitti qabanii fi qaacceessan, yaada furmaataa lafa kaahanii fi hojiirra oolchan irratti gargaarsa isaaniif godha. Kanarraa kan ka’ee kaadhimammtoota barsiisotaa ogummaa fi fedhii qorannoo gochaa dalaguu ni dagaagsu, qorannoo gochaa dalaguus gahee dagaagina ogummaa isaani akka ta’e ni hubatu.

Kaayyoolee Korsichaa
Korsii kana baratani erga xumurani booda, kaadhimamtoonnii:
 Yaad-rimee qorannoo gochaa hiikuu ni danda’u.
 Barbaachisummaa qorannoo gochaa addaan baasani ni hubatu.
 Faayidaalee qorannoo gochaa addaan baasani ni hubatu.
 Akaakuuwwan qorannoo gochaa addaan baasanii ni beeku.
 Naamusa qorannoo gochaatiif barbaachisu ni hubatu.
 Waa’ee modeelota qorannoo gochaa ilaalchise ibsa kennu ni danda’u.
 Sadarkaalee adeemsa qorannoo gochaa addaan baasani ni hubatu.
 Meeshaalee odeeffanno ittiin funaanamu qopheessu ni danda’u.
 Qorannoo gochaatiif rakkoo sirrii ta’e addaan baasu ni danda’u.
 Ogummaa ragaa ittiin qaacceessu danda’an ni dagaagsu.
 Furmaata rakkinichaa hojiirra oolchuu ni danda’u.
 Wantootaa piroopozaalii qorannoo gochaa qophessuuf barbaachisan adda ni baafatu
 Mata duree qorannoo gochaa geggessuuf mijataa ta`e ni wixinessuu
 Piroopozaala qorannoo gochaa ni qophessuu
 Qorannoo gochaa ni geggessuu.

BAAFATA
Ibsa Korsichaa I
Kaayyoolee Korsichaa II
BAAFATA III
Boqonnaa Tokko

  1. Yaad-rimee Bu’uuraa Qorannoo Gochaa
    1.1. Maalummaa Qorannoo 2
    1.2. Maalummaa Qorannoo Gochaa 3
    1.3. Barbaachisummaa fi Faayidaa Qorannoo Gochaa 4
    1.3.1. Barbaachisummaa Qorannoo Gochaa 4
    1.3.2. Faayidaalee Qorannoo Gochaa 5
    1.4. Amaloota Qorannoo Gochaa 6
    1.5. Akaakuuwwan Qorannoo Gochaa 6
    1.5.1. Qorannoo Gochaa Barsiisaa/ttuu Tokkoo Qofaan Hojjatamu 7
    1.5.2. Qorannoo Gochaa Walta’iinsaa 7
    1.5.3. Qorannoo Gochaa Sadarkaa Mana Barumsaatti Hojjatamu 7
    1.5.4. Qorannoo Gochaa Sadarkaa Aanaatti Hojjatamu 8
    1.5. Naamusa Yeroo Qorannoon Gochaa Dalagamu Hordofamuu Qabu 9
    Boqonnaa Lama
  2. Moodelootaa fi Adeemsa Qorannoo Gochaa
    2.1. Moodeelota Adda Addaa Qoranno Gochaa 10
    2.1.1. Moodela Qorannoo Gochaa Kurt Lewiin 11
    2.1.2. Moodela Qorannoo Gochaa Costello 11
    2.2. Adeemsa Qorannoo Gochaa 12
    2.2.1. Rakkoo Adda Baasuu 13
    2.2.2. Odeeffannoo Qorannoo Walitti Qabuu 15
    2.2.3. Odeeffannoo Funaaname Qaacceessuu 17
    2.2.4. Karoora Gochaa Qopheessuu 18
    2.2.5. Yaada Furmaataa Hojiirra Oolchuu 18
    2.2.6. Hojiirra Oolmaa Yaada Furmaataa Madaaluu 19

Boqonnaa Sadi

  1. Pirooppozaala Qorannoo Gochaa Qopheessuu
    3.1. Qaamota Piroopozaala Qorannoo Gochaa 20
    3.1.1. Mata Duree Qorannoo Gochaa 21
    3.1.2. Ibsa Rakkoo Qorannichaa 21
    3.1.3. Gaaffilee Bu’uuraa Qorannoo 22
    3.1.4. Kaayyoo Qorannichaa 22
    3.1.5. Barreffamoota Firoomina Qaban Sakatta`uu 23
    3.1.6. Tooftaalee Odeffannoo Funaanuu fi Ragaalee Qaaccessuu 23
    3.1.7. Sagantaa Hojii fi Baasii Qorannoo 24
    3.1.7.1. Sagantaa Hojii 24
    3.1.8. Kitaabbilee Wabii 25
    Boqonnaa Afur
  2. Gabaasa Qorannoo Gochaa Barreessuu
    4.1. Qaamota Gabaasa Qorannoo Gochaa Barreessuf Barbaachisan 26
    Gabaasni qorannoo gochaa kutaalee gurguddoo sadii qaba. Isaanis: 26
    4.1.1. Kutaa Jalqaba Gabaasa Qorannoo Gochaa 26
    4.1.2. Kutaa Ijoo (Handhuura Qorannoo) 27
    4.1.3. Kutaalee Xumura Qorannoo Gochaa 30
    Kitaabbilee Wabii i

Maxxannee/Dabalee
Garaagarummaa Qaamota Piroppozaala [Wixinee] fi Gabaasa Qorannoo Gochaa ii

Boqonnaa Tokko

  1. Yaad-rimee Bu’uuraa Qorannoo Gochaa
    Kaadhimamtoota barsiisotaa! Boqonnaa kana jalatti maalummaa qorannoo gochaa, barbaachisummaa fi faayidaa qorannoo gochaa, akaakuwwan qorannoo gochaa fi naamusa yeroo qorannoon gochaa hojjatamu hubatamu qabu bal’inaan ilaalla.
    Kaayyoo Boqonnichaa
    Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda, kaadhimamtoonni:
     Yaad-rimee qorannoo gochaa hiiku ni danda’u.
     Barbaachisummaa qorannoo gochaa addaan baasani ni hubatu.
     Faayidaalee qorannoo gochaa addaan baasani ni beeku.
     Akaakuuwwan qorannoo gochaa ni beeku.
     Naamusa qorannoo gochaatiif barbaachisu ni hubatu.

1.1. Maalummaa Qorannoo
 Adeemsa saayinsaawaa beekkumsa/yaad-hiddama haaraa argachuuf gaggeeffama.
 Rakkoolee nu qunnaman hiikuuf kan adeemsifamuudha.
 Qorannoon adeemsa sirnaawaa yoo ta’u karaa beekkumsi ykn yaad-hiddamni(“theory”) haaraan ittiin argatamuudha
 Yaada waliigalaa (“generalization”) kennuuf fayyada.

Garaagarummaa Qorannoo Bu’uraa fi Qorannoo Hojiirraa
Qorannoo bu’uraa Qorannoo Hojiirraa/Qorannoo Dirree
Battalatti rakkoo hiikuuf hin
fayyadu.
Beekkumsa/yaad-hiddama/seerota haaraa argachuuf gaggeeffama Rakkoodhaaf furmaata kennuuf gaggeeffama
Qorannoo Samii/Pilaanetootaa/addeessaa/
Qorannoo wantootaa [Matter/atom]…. Qorannoo barnootaa, qorannoo
gochaa, qorannoo qonnaa,
qorannoo fayyaa fi kkf

1.2. Maalummaa Qorannoo Gochaa

Qorannoon gochaa akkaakuu qorannoo hojiirraa ta’ee dhaabbilee/seektara hojii kamiyyuu keessatti rakkoolee hojii keessaatti nama mudatan furuudhaan hojiirra oolchuuf ogeessaa eddoo saniitiin kan gaggeeffamuudha. Haata’uu maleeqorannoon gochaa seektaroota hojii kaanniin caalaa dhaabbilee barnootaa keessatti bal’innaan faayidaarra yeroo oolu ni mul’ata. Mata duree kana jalattis hiika qorannoo gochaa barnootaan walqabatan muraasa isaanii ilaalla.
Saayikolojistii Hawaasaa kan ta’e Kurt Lewiin bara 1946tti yaad-rimee “qorannoo gochaa” yeroo jalqabaatiif kan itti fayyadamee ta’us, hanga ammaatti qorannoon gchaa hiikkaa dhaabbataa akka addunyaatti fudhatama argate (waalta’aa ta’e) tokkoo hin qabu. Haata’u malee, kan yeroo baay’ee fudhatama qaban garuu ni jiru.
Mills, (2011) akka hiikeetti, “qorannoon gochaa odeeffannoo walitti qabuuf jecha, gaaffii seera qabeessa manneen barnootni hojii baruu barsiisuu akkamiin hojjachaa akka jiran, barsiisoonni akkamiin akka barsiisanii fi barattoonni akkamiin akka baratan beekuuf jecha gaafatamuudha.”
Akka Ferrance (2000) hiikeetti ammoo, ” qorannoon gochaa wantoota maaliif akka hojjannu beekuu osoo hin taane, wantoota bifa fooyya’aa ta’een akkamiin hojjachuu akka dandeenyu beekuudha.” Dabalataanis, Ferrance qorannoon gochaa kan barsiisoonni gaaffilee barattootaa fi manneen barnoota isaanii deebiisuuf hojjatan akka ta’eetti ibsa.
Beektoonni kan biroo kan akka (Johnson, 2008; Mertler & Charles, 2011; fi Schmuck, 1997) hiikanitti ammoo; qorannoon gochaa:
 adeemsa ogeeyyiin barnoootaa muuxannoo barnoota isaanii fooyyeesuuf waliin hojjatanii dha.
 adeemsa hojii baruu-barsiisuu foyyeessuudha.
 adeemsa barachuu hubachuuf tooftaa sirnaawaa fi karoorfamee raawwatamuudha.
Walumaagalatti, hiika adda addaa armaan olitti beektoota adda addaan kennaman irraa akka hubatamuutti, qorannoon gochaa kan barsiisoonnii fi ogeeyyiin barnootaa adda addaa adeemsa hojii baruu-barsiisuu keessatti, rakkoolee yeroo adda addaatti isaan qunnaman osoo hojii isaanii hin xumurin akka hojiin isaanii bifa fooyya’aa ta’een bu’aa akka fidu kaayyeeffaamee hojjatamuudha.
1.3. Barbaachisummaa fi Faayidaa Qorannoo Gochaa
Mata duree darbee keessatti maalummaa qorannoo gochaa ilaalchisee ibsa bal’aan kan kenname yammuu ta’u; mata duree kana jalatti ammoo barbaachisummaa fi faayidaa qorannoo gochaa ilaalla.
1.3.1. Barbaachisummaa Qorannoo Gochaa
Beektoonni akka (Johonson, 2008; fi Mertler fi Charles, 2011) barbaachisummaa qorannoo gochaa yommuu ibsan, yaadoota armaan gadiitti tarreeffaman akka sababaatti kaa’u. Isaaniis:
 Qorannoon gochaa bu’uraan rakkoo barsiisaa/ttu baruu-barsiisuu keessatti mudate hiikkachuuf kan gaggeeffamu malee rakkoo nama biroo hiikuu irratti kan xiyyeeffatu miti.
 Qorannoon gochaa kan yeroo waliin deemu fi furmaata battalaa kan kennuudha.
 Qorannoon gochaa barsiisoonni muuxannoo barnoota isaanii akka fooyyeessaniif carraa hedduu kan kennuudha.
 Qorannoon gochaa akka adeemsaatti, hiriyoota ogummaa waliin hojjatan gidduutti walitti dhufeenyi cimaa akka ijaarramu kan jajjabeessuudha.
 Qorannoon gochaa barsiisonni karaa adda addaatiin rakkoowwanii fi gaafilee adeemsa baruu-barsiisuu keessatti ka’an akka ilaalanii fi madaalan akkasumas karaa haaraa ta’een muuxannoo barnoota isaanii akka madaalan kan godhuudha.
 Qorannoon gochaa barsiisoonnii ogummaa isaaniitiin dagaaguu fi guddachuuf karaa bu’aa qabeessa ta’eedha.
Walumaagalatti, sababoota armaan oliitti ibsaman irraa hubachuun akka danda’amutti, barsiisoonni adeemsa baruu-barsiisuu keessatti hojiiwwan barattootaan, ofii isaaniitiin akkasumas mana barumsaatiin hojjatamaa jiran fooyyeessanii bu’aa gaarii ta’e fiduudhaaf qorannoon gochaa barbaachisaa akka ta’ee dha.
1.3.2. Faayidaalee Qorannoo Gochaa

Beektoonnii adda addaa qorannoon gochaa faayidaa adda addaa akka qabuu ibsanii jiru. Kanneen keessaa faayidaalee qoranoo gochaa Ferrance (2000) ibsaman ilaalla.
Akka beekaan kun ibseetti, qorannoon gochaa:
 barsiisonni waa’ee barattoota, hiriyoota ogummaa fi ofii isaanii beekanii, karaa yeroo hunda ogummaa isaanii ittiin fooyyeeffatan akka murteessan isaan dandeessisa.
 barsiionni yeroo gahaa argatanii dhimma baruu-barsiisuu irratti akka waliin mari’atan carraa ni kenna.
 barsiisonni adeemsa barsiisuu isaanii karaa caaseeffameen akka ofiin madaalanii fooyyeessan isaan dandeessisa.
 barsiisonni kaayyoo waliiniif gurmaa’anii bifa fooyya’aa ta’een waliin akka hojjatan isaan dandeessisa.
 manneen barnootaa fooyya’iinsa akka fidan isaan dandeessisa.

Walumaagalatti, qorannoon gochaa barsiisootaa fi manneen barnootaaf faayidaalee armaan oliitti ibsamanii fi kanneen biroo waan qabuuf, qorannoo gochaa hojjachuun barsiisootaaf hojii dabalataa osoo hin taane hojii ijoo isaan hojjachuu qabaniidha.

1.4. Amaloota Qorannoo Gochaa
Beektonni hedduun akka ibsanitti qorannoon gochaa barnootaa amaloota qorannoo gosa biroo irraa kan adda isa godhu qaba. Amaloota kanas beektoonni (Johnson, 2008; Mertler fi Charles, 2011; Mills, 2011; Schmuck, 1997; Dick, 2000) akka armaan gadiitti ibsaniiru. Isaaniis:
 Qorannoon gochaa kan nama biraatiin hojjatamu osoo hintaane, ogeessuma hojii sana abbumaan hojjatuutiin kan gaggeeffamuudha.
 Qorannoon gochaa adeemsa geengaawaa (marsaa) karoorsuu, hojiirra oolchuu, dagaagsuu fi calaqqisiisuudha.
 Qorannoon gochaa namoota ogummaa, tooftaa fi tarsiimoo isaanii fooyyeesuuf hojjatan kan hirmaachisuudha.
 Qorannoon gochaa barsiisota dareetiif barbaachisaa fi qabatamaadha.
 Qorannoon gochaa adeemsa barsiisota muuxannoo isaanii fooyyeessuuf waliin hojjatan kan hirmaachisuudha.
 Qorannoon gochaa deebii kanaan dura murtaa’ee hojiirra oolchuu osoo hintaane, rakkoolee barnootaatiif furmaata kalaqaa kan barbaaduudha.

1.5. Akaakuuwwan Qorannoo Gochaa
Qoodamiinsi qoorannoo gochaa bal’ina qoranichaa fi baay’ina hirmaattoota qorannicha dalagan irratti hundaa’a. Akka (Ferrance, 2000)tti, karoorri qorannoo gochaa barsiisaa/ttu tokkoo dhimma daree isaa/ishee qo’atu, barsiisoonni lamaa fi lamaa ol ta’an gurmaa’anii rakkoo baruu-barsiisuu waliin qaban irratti hojjatan ykn barsiisoonni gamtaadhaani fi kanneen biroo dhimma mana barumsaa ykn aanaa irratti xiyyeeffatanii hojjatan akka hammatu ibsa. Haaluma kanaan (Ferrance,2000)n qorannoo gochaa barnootaa bakka afuritti qooda. Isaaniis:
I. Qorannoo gochaa barsiisaa/ttuu tokkoo qofaan hojjatamu.
II. Qorannoo gochaa walta’iinsaa.
III. Qorannoo gochaa sadarkaa mana barumsaatti hojjatamuu fi
IV. Qorannoo gochaa sadarkaa aaanaatti hojjatamuu dha.
1.5.1. Qorannoo Gochaa Barsiisaa/ttuu Tokkoo Qofaan Hojjatamu
Qorannoon gosa kanaa yeroo baay’ee dhimma tokkoo kan daree barnootaa keessatti dhalate furuu irratti xiyyeeffata. Kana jechuuniis, gosti qorannoo kanaa barsiisaan/ttuun rakkoo hoggansa daree barnootaa, tooftaalee barsiisuu, itti fayyadama meeshaalee barnootaa, ykn haala barachuu barattootaa wajiin walqabatan furuuf hojjatamuudha.
Yeroo kana keessatti barsiisoonni deeggarsa supparvaayizaraa fi hogganaa isaaniirraa akkasumas maatii barattootaa irraa argachuu ni danda’u. Hanqina qorannoo gochaa barsiisaa/ttuu tokkoon hojjatamuu kun, yoo barsiisaan/ttuun fedhaan bu’aa qoranichaa ibsan malee namoota birootiif ibsamu dadhabamuu isaati.

1.5.2. Qorannoo Gochaa Walta’iinsaa

Qorannoon gochaa gosa kanaa yoo xiqqaate barsiisota lama ykn garee barsiisota miseensota lamaa ol ta’an qabuu fi kanneen biroo fedha rakkoo daree barnootaa ykn muummee wajjiin walqabatu furuu barbaadan hirmaachisuun hojjatamuudha. Rakkoon kun daree barnootaa tokko qofa ykn rakkoo daree lamaafi ol ta’an keessatti bifa walfakaataa ta’een mul’atu ta’uu danda’a. Barsiisoonni kun yeroo qorannoo gosa kanaa raawwatan namoota dhuunfaa mana barumsaa ala jiraniin deeggaramuu danda’u.

1.5.3. Qorannoo Gochaa Sadarkaa Mana Barumsaatti Hojjatamu

Qorannoon gosa kanaa rakkoo barsiisota mana barumsichaatiif kan waliinii ta’e furuu irratti xiyyeeffata. Yeroo kanatti barsiisoonni mana barumsichaa gaafficha dhiphisuuf, odeeffannoo walitti qabuu fi qaacceesuuf, akkasumas karoora gochaa murteessuuf waliin hojjatu.
Fakkeenya qorannoo gochaa sadarkaa mana barumsaatti gaggeefamu keessaa muraasa yoo ilaalle:
 hirmaannaan maatii barattootaa dhimmoota adda addaa irratti qaban foyyeessuu.
 hirmaannaa barattoota shamarranii mana barumsaa keessatti qaban fooyyessu
 Haftee fi barfannaa sadarkaa mana barumsaatti jiru hiikuu
 Rakkoo itti fayaddama mana fincaanii furuu fi kkf. irratti xiyyeeffata.

1.5.4. Qorannoo Gochaa Sadarkaa Aanaatti Hojjatamu
Qorannoon gochaa gosa kanaa wal-xaxaa fi leecalloo hedduu kan barbaadu ta’us bu’aan isaa garuu guddaadha. Dhimmichi qoranichaa kan dhaabbataa, hawaasaa, adeemsa ykn raawwii murtii kennuu irratti kan xiyyeeffatuudha. Aanaan rakkoo manneen barnoota hedduu aanicha keessatti argamaniif kan waliinii ta’ee filachuu danda’a.
Fakkeenyaaf:
 Harcaatii barattootaa akka aanaatti jiru
 Gadi bu’iinsa qabxii barattootaa manneen barnoota aanaa keessa jiranii fi kkf.

1.5. Naamusa Yeroo Qorannoon Gochaa Dalagamu Hordofamuu Qabu
Namoonnii qorannoo gochaa gaggeessan dhimmoota naamusa qorannootiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka qaban beektoonnii hedduun irratti waliigalu. Sababni hayyootni kunniin lafa kaahanis qorannoo gochaa haala qabatamaan jiruu keessatti gaggeeffamuu isaa fi qunnamtii banaa fi cufaa hirmaattoota qorannichaa wajjiin godhamu qabaachuu isaati. Kanuma bu’uura godhachuun Winter(1989), Mills(2011) fi Brydon-Miller(2009) naamusa qorattoonni yeroo qorannoo gochaa gaggeessan xiyyeeffannaa keessa galchuu qaban jedhan akka armaan gadiitti tarreessanii jiru. Isaaniis:
 Hirmaattootaaf iftoomina qabaachuu fi amanamaa ta’uu;
 Hirmaattoonni kan akka barattootaa adeemsa qorannichaa keessaa bahuu yoo barbaadan osoo hin dirqisiifamiin bahuu ni danda’u;
 Qorannichi loogii fi fedhii namoota dhuunfaa irraa bilisa ta’uu qaba;
 Qorattoonnii ragaa sakatta’uu fi daawwannaa gochuu jalqabu isaaniin dura eeyyama argachuu qabu;
 Qorattoonni beekumsa namoota biroo kabajuu fi dimokiraatawaa ta’uu qabu;
 Iccitii dhuunfaa namoota odeeffannoo kennanii eeguun barbaachisaadha

Boqonnaa Lama

  1. Moodelootaa fi Adeemsa Qorannoo Gochaa

Boqonnaa darbee keessatti maalummaa, barbaachisummaa, faayidaa, amalootaa fi akaakuwwan qorannoo gochaa, akkasumas naamusa qorattoonni kabajuu qaban bal’inaan ilaallee jirra. Boqonnaa kana jalatti ammoo, moodeelota qorannoo gochaa adda addaa fi adeemsa qorannoon gochaa ittiin gaggeeffamu bal’inaan ilaalla.
Kaayyoo Boqonnichaa
Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda, kaadhimamtoonni:
 Waa’ee modeelota qorannoo gochaa ilaalchise ibsa kennu ni danda’u.
 Sadarkaalee adeemsa qorannoo gochaa keessatti hammataman addaan baasani ni hubatu.
 Qorannoo gochaatiif rakkoo sirrii ta’e addaan baasu ni danda’u.
 Meeshaalee odeeffanno ittiin funaanamu qopheessu ni danda’u.
 Ogummaa ragaa ittiin qaacceessu danda’an ni dagaagsu.
 Furmaata rakkinichaa hojiirra oolchuu ni danda’u.
2.1. Moodeelota Adda Addaa Qoranno Gochaa
Beektoonnii fi qorattoonni hedduun adeemsa qorannoo gochaatiif moodeela adda addaa kaa’anii jiru. Moodeeloonni kunis garaagarummaa kan qaban fakkaataniis qabiyyeewwan hedduu ta’an waliin qabu.
Mills(2000) akka ibsetti moodeelonni qorannoo gochaa kunis mata duree filachuu irraa jalqabanii odeeffannoo walitti qabuu fi qindeessuu, itti aansee ta’iiwwan qabatamaan ta’aa jiran daawwachuu fi too’achuu akka of keessaati qabanii fi dhumarrattis gocha sadarkaa itti aanuuf akka bu’uuratti tajaajilu hojiirra akka oolchan hubachiisa. Dabalataaniis, Mills moodeloonni muraasa ta’an haala salphaa ta’een ibsamuu isaanii fi muraasnii ammoo walxaxaa ta’anii mul’achuu isaanii ibsee jira. Mata duree kana jalattis moodeeloota muraasa ilaalla.
2.1.1. Moodela Qorannoo Gochaa Kurt Lewiin

Moodela qorannoo gochaa ‘Kurt Lewiin’ dhugaa barbaadu, karoorsuu, gocha hojirra oolchuu, madaaluu fi gara sadarkaa itti aanuutti darbuun dura karooricha fooyyeessu of keessatti qaba. Kunis fakkii armaan gadii irratti ifaan kaa’amee jira.
Fakkii Moodeela Qorannoo Gochaa Kurt Lewin

2.1.2. Moodela Qorannoo Gochaa Costello

Moodelli qorannoo gochaa ‘Costello’ adeemsa qorannoo gochaa geengawaa fi gochaalee ijoo afur kan akka karoorsuu, gocha, daawwachuu fi calaqqee of keessatti akka qabu ibsa. Kunis fakkii armaan gadii irratti ibsamee jira.

Fakkii Moodela qorannoo gochaa Costello, 2003

                                                               Karoora 3
                                                               Karoora 2
                                                               Karoora 1

Calaqqee 3 Calaqqee 2 Calaqqee 1 Gocha 1 Gocha 2 Gocha 3
Daawwachuu
Daawwachuu
Daawwachuu

2.2. Adeemsa Qorannoo Gochaa

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Moodeeloota armaan olitti ilaalle irraa akka hubachuun danda’amutti adeemsi qorannoo gochaa geengaawaa ta’uu isaati. Mertler fi Chatles (2011) adeemsi qorannoo gochaa uumamaan geengaawaadha jedhu. Kana jechuunis qorannoon gochaa ka’umsa ifa ta’e qaba malee xumura ifatti ibsame hin qabuu jechuudha. Sababa isaa Mertler fi Chatles (2011) yommuu ibsan, barsiisaa-qorataan piroojektii qorannoo gochaa wixineesse hojiirra ni oolchaa, bu’aa qabeessummaa piroojektichaa madaaluu fi too’achuuf ragaa ni funaanaa, ni qaacceessa, ittii aansees pirojakticha gara fuul-duraa hojiirra akka oolu keessa deebii fi fooyya’iinsa ni godha. Haala kanaaniis piroojektichi barattoota seemisteera ykn bara itti aanuu irratti irra deebi’e hojiirra oolu danda’ a jedha.
Mata duree kana jalattis, tokkoon tokkoo sadarkaalee adeemsa qorannoo gochaa keessatti hammataman bal’inaan ilaala.

2.2.1. Rakkoo Adda Baasuu

Sadarkaan kun adeemsa qorannoo gochaa keessatti hojii isa jalqabaa yommuu ta’u, hojiiwwan akka mata duree filachuu, rakkinnicha ibsuu, gaaffiilee bu’uuraa qorannichaa qopheessuu fi sakatta’a barruu firoomina qaban taasisuu of keessatti hammata.

2.2.1.1. Mata Duree Filachuu

Qorannoo kamiyyuu keessatti hojiin isa jalqabaa maal akka qoratamu sirritti murteessuudha. Kanaafuu, muuxannoon namoota dhunfaa fi ogummaa wajjiin wal qabatu barsiisota qorannoo gochaa hojjachuu barbaadaniif bu’uura. Akka Fraenkel fi Wallen(2003) ibsaniitti ‘galmi qorannoo gochaa wantoota fooyya’aa gochuu, muuxannoo murtaa’e tokko fooyyeessuu ykn wanta sirriitti hojjachaa hin jirre tokko sirreessuu akka ta’ee yaadachuun barbaachiisaadha’ jedhan. Galmoonni kunis yeroo qorannoo gochaatiif mata duree filannuu fi dhiphisnuu dagatamu akka hin qabne ibsan. Dabalataaniis, Fraenkel fi Wallen (2003) qorannoo gochaatiif mata dureen filatamu kan too’atamuu ta’uu qaba jedhan. Kana jechuuniis barsiisoonii qorannoo gochaatiif mata duree filachuu isaaniitiin dura wantoota akka yeroo, baajata, leecalloo fi sadarkaa ogummaa qorannoo hojjachuu isaanii ilaalcha keessa galchuu qabu jechuudha. Sababoota kanarraa kan ka’een xiyyeeffannaan mata duree qorannoo gochaa baay’ee dhiphachuu qaba.
2.2.1.2. Ibsa Rakkinnichaa

Ibsi rakkinnichaa haala qabatama qorannichaa kan ibsuu fi tooftaa qaacceessa waliigalaas kan adda baasuudha. Ibsi rakkinnichaa haala qabatamaa qorannichaa keessatti dhiyaachuu qaba; haalli qabatamaaniis bifa ifa ta’een ibsamuu fi dhiyaachuu qaba. Ibsi rakkinnichaa kun ibsa yaad-rimee ykn yaad-hiddamaa hammattoo kan qorannichi ittiin bu’uureeffatte of keessatti hammata. Rakkinnichis jechoota namoota waa’ee qorannoo gaggeeffamu kana ilaalchise odeeffannoo gahaa hin qabneef hubatamuu danda’aniin ibsamu qaba. Kanatti aanees gaaffileen qorannoo gochaa akka ibsamu qaban beektoonnii fi qorattoonni hedduun irratti waliigalu.
Gaaffileen bu’uuraa qorannoo walitti dhufeenya jijjiiramoota lamaa fi lamaa ol ta’an jidduu jiru bifa gaaffiitiin kan dhiyyeessaniidha (Kerlinger,1979; Krathwohl,1988). Dabalataanis, gaaffileen bu’uuraa qorannoo gochaa maddoota kan akka rakkoo barsiisota ykn barattoota mudate, daawwaannaa adeemsa baruu-barsiisuu daree keessatti gaggeeffamuu fi waan dubbifamee irraa akka hundeeffamuu danda’u ni ibsu.
2.2.1.3. Sakatta’aa Barruulee Firoomina Qabanii

Barruleen sakatta’aman kun maddoota odeffannoo kammiyuu kan mata duree qorannoo gochaaf filatamee sana wajjin adeeman ta’e ogeessota gara garaan yeroo adda addaa kessattii ibsii kan ittii kennamee dha.Qorataan qorannoo gochaa geggessuu barreffamota dabalataa kannen kauumsa godhachuun ibsa rakkinichaa fi barbaachisummaa qorannichaa qindessuf isa gargaara.Maddoonnii odeffannoo kanaa kitaaboota adda addaa, gaazexoota qoorannoo, websaayitoota, dokimantoota mana barumsaa, fi kkf irraa argamuu dandaa. (Creswell,2005;Johson,2008).
2.2.2. Odeeffannoo Qorannoo Walitti Qabuu

Adeemsa qorannoo gochaa keessatti sadarkaan itti aanu odeeffannoon akkamiin waliitti akka qabamuu qabu murteessuudha. Karaa biraatiin, murtiin kun murtii waa’ee meeshaalee fi tooftaalee kanneen biroo qorannoo gaggeeffamuuf odeeffannoo walitti qabuuf fayyadamnu ilaalchisee murtaa’uudha.
Fraenkel fi Wallen (2003) meeshaalee gosa sadii qorannoo gochaatiif odeeffannoo walitti qabuuf gargaaran kaa’anii jiru. Isaaniis:
i. Daawwannaa
ii. Gaaffii Afaanii fi
iii. Galmee sakatta’uudha.

i) Daawwannaa
Daawwannaan adeemsa namoonni dhuunfaan waa’ee namoota biroo qaamaan bakka isaan jiranitti argamanii waan isaan hojjatan ijaan ilaalaa odeeffanno walitti qabuu dha. Yeroo daawwannaan gaggeeffamu daawwattoonni waan daawwatan sirritti hubatanii qabachuun isaan irraa eeggama. Akka Arhar, Holly fi Kasten (2001)jedhaniitti, gosa odeeffannoo barbaadamuu ykn walitti qabamuu irratti hundaa’uudhaan daawwannaan bifa idilaa’een ykn al-idilaa’een gaggeeffamuu danda’a. Yoo daawwannaan idilaa’aa ta’e meshaalee akka waraabduu sagalee, waraabduu viidiyoo, cheeklistii daawwannaa fi kkf fayyadamuun nidanda’ama. Daawwannaan yoo al-idilaa’aa ta’ee garuu ta’iiwwan yeroo daawwannaatti mul’atan barreeffamaan qabatamuu qabu.

ii) Gaaffii Afaanii (Af-gaaffii)
Gaaffiin afaanii gaaffii fi deebii namoota lamaa fi lamaa ol ta’an jidduutti gaggeeffamuudha. Akka Sidman(1998) ibseetti qorattoonni gaaffii afaaniitiin odeeffannoo walitti qabuun isaanii dudduubee fi muuxannoo nama dhuunfaa gaafatamuu sana ilaalchisee hubannaa sirrii ta’e akka qabaatan isaan dandeessisa. Odeeffannoo barbaadamuu irratti hundaa’uudhaan gaaffiin afaanii kan caaseeffame ykn hin caaseeffamne ta’uu danda’a. Gaaffiin afaanii caasseeffame karoorsuu,saganteessuu fi qopheessuu cimaa ta’ee gaafata. Kana malees, gaafataan gaaffii wal fakkaataa qophaa’ee gaafatamtoota hundaaf dhiyeessa. Yoo gaaffiin afaanii kan hin caaseeffamne ta’e garuu gaafataan deebii gaafatamaan kennuu irratti hundaa’uudhaan adeemsa gaaffii isaa jijjiiraa deema.

iii) Sakatta’iinsa galmee
Sakatta’iinsi galmee ragaalee fi galmeewwan qabatamaan jiran madaaluu fi xiinxaluudha. Sababa odeeffannoon barbaadamu galmeewwan irratti barraa’ee waan jiruuf galmeewwan qabatamaan jiran xiinxaluun meeshaalee biroo odeeffannoo waliitti qabuuf gargaaramnu irraa yeroo xiqqaa ta’e fudhata. Haata’uu malee odeeffannoo galmeewwan irratti argamaniif hiika barbaachisaa ta’e kennuun garuu hojii ijoo qorataa irraa eeggamuudha. Galmee atteendaasii, qaboo waltajjii, karoora barannoo, portifoolioo barattootaa, kuusa qabxii barattootaa fi kkf fakkeenyota galmeewwan sakatta’amniidha.

Malleen odeeffannoon qorannoo ittiin sassaabamu armaan olitti eeraman sadaniin alas qorannoon gochaa odeeffannoowwan tooftaalee adda addaa gargaaramuudhaan walitti qabaman hunda akka fayyadamnu ni eeyyama.Isaanis:
 Gaaffii Barreeffamaa/Bar-gaaffii (“Questionnaire”)
 Marii garee xiyyeeffannoo (“Focus Group Discussion”)
 Yaalii(“test”) ykn qormaata(“exam”) barattootaa kennuun
 Portifooliyoo
 Kuusaa dhuunfaa barattootaa
 Yaadanoo guyyaa guyyaa
 Yaadannoo dirree/galmee daawwannaa fi kkf.

2.2.3. Odeeffannoo Funaaname Qaacceessuu

Adeemsa qorannoo hammangee aadaawaa keessatti ragaaleen funaanamanii erga xumuramanii booda qaacceessi isaa yommuu gaggeeffamuu, adeemsa qorannoo qulqullee aadaawaa keessatti garuu qaacceessi ragaalee akkuma hojii ragaalee funaanuu jalaqabameetti kan jalqabamu ta’e yeroo hojiin ragaa funaanuu xumuramu waliin xumurama. Qorannoo gochaatis adeemsa qaacceessa ragaalee gosa lamaan kana of keessatti qabata. Johnson (2008) akka ibseettis, qorataan yeroo ragaa funaanu, gosootaa fi adeemsa ragaalee ilaaluun qaacceessa ragaalee taassisuun isaa ragaalee barbaachisoo ta’an dabalataan akka funaanu isa dandeessisa. Dabalataanis qorataan ragaalee erga funaanee xumuree boodas qaacceessa ragaalee taasisu akka qabu ibsa.

Murtiin gosa qaacceessa ragaalee fayyadamnu ilaalchisee kennamu, gosa ragaa funaanamee hammangee ykn qulqullee ta’uu isaa irratti hundaa’a. Kanuma bu’uura godhachuun ragaaleen qulqullee ta’an baay’innaan ibsa jechaa/barreeffamaan kan qorataan walitti dhufeenyaa fi adeemsa ragaalee beekuuf madaallii ittiin gaggeessuun yammuu qaacceeffamu, ragaaleen hammangee garuu yeroo baay’ee istaatistiksii ibsaa fayyadamuudhaan qaaceeffamu jedha.
Akka Fraenkel fi Wallen (2003) jedheetti ragaalee qorannoo gochaa qaacceessuun akka qorannoo bu’uuraatti walxaxaa fi gadi fageenya qabu miti. Kana malees, Creswell (2005) akka ibsetti qorattoonni ragaalee qaacceessuu akka ulaagaa isaan irraa barbaadamuutti ilaaluu akka hin qabnee fi deeggarsa hiriyoota ogummaa fi hoggantoota isaanii fi namoota biroo ogummaa kana qaban irraa argachuu akka danda’an ibsa.

2.2.4. Karoora Gochaa Qopheessuu
Adeemsa qorannoo gochaa keessatti erga odeeffannoon funaaname, qaacceeffamee fi bu’aan qaacceessaa hiikamee boodatti sadarkaan itti aanu karoora gochaa qopheessuudha. Sadarkaan kun adeemsa qorannoo gochaa keessatti “kutaa gochaa” jedhamuun beekama. Karoorri gochaa tarsiimoo bu’aa qorannoo gochaa hojiirra oolchuuf yaadameedha. Akka Creswell (2000) ibseetti bu’aan karoora gochaa qopheessurraa eeggamu tooftaa qabatamaa fi murtaa’aan yaadotni haaraan rakkoo qabatamaan jiru furuu danda’uu isaanii adda baasuudha.
2.2.5. Yaada Furmaataa Hojiirra Oolchuu
Qorannoo gochaa hedduu keessatti, barsiisaa qorannoo gaggeesutu karoorri gochaa jijjiirama kan fidu ta’uu isaa ilaaluuf ofuma isaatiin hojiirra oolcha. Kun rakkoo qorataa isa jalqabaa kan furu ta’uu isaa adda baafachuu fi bu’aa qabaachuu isaa hordofuu of keessatti hammata. Qorataan jijjiiramni jiraachuu isaa murteessuuf ammoo kaayyoo ykn gaaffilee bu’uuraa qorannoo isaa wajjiin wal bira qabee madaaluu qaba.

2.2.6. Hojiirra Oolmaa Yaada Furmaataa Madaaluu
Sadarkaan kun qorattoonni muuxannoo ofii isaanii gadi fageenyaan kan ittiin madaalanii dha. Kana gochuuf ammoo qorataan muuxannoo isaa bifa sirnaawaa ta’een calaqqisiisuu qaba. Qorataan sadarkaa kana irratti maal akka hojjate ni madaala, bu’aa qabeessummaa isaa ni murteessa, akkasumas qorannichi gara fuula duraa hojiirra yeroo oolu keessa deebii godhamu qabu ilaalchisee murtii ni kenna.
Calaqqeen xumura qorannoo gochaa irratti qofa osoo hin ta’in jalqaba adeemsa qorannoo irraa kaasanii hanga xumuraatti gochuun qorataan adeemsa isaa too’achaa akka deemuu isa gargaara. Kana malees murtii barbaachisaa ta’e akka murteessuu fi hanga xumuraatti keessa deebii barbaachisaa ta’e akka godhu isa dandeessisa.
2.2.7. Kallattii Gara Fulduraa Ibsuu
Qorannoo gochaa dalagame iddoo tokko irrattii kan dhabbatu tauu hin qabu. Wanti gara fulduraa caalattii hojjetamuu dandauu eeramu qaba.Kunis kallattii gara fulduraa itti adeemamuu ibsu jedhama. Kallattii gara fulduraa ittii adeemmamu yoo lafa keennu salphummatti kan hojirra oluu ta`u qaba.

Boqonnaa Sadi

  1. Pirooppozaala Qorannoo Gochaa Qopheessuu

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Boqonnaa darbee keessatti moodeloota qorannoo gochaa fi sadarkaalee adeemsa qorannoo gochaa keessatti hammataman bal’inaan ilaallee jirra. Boqonnaa kana jalatti ammoo qaamoolee piroppozaala qorannoo gochaa bal’inaan ilaalla.
Kaayyoo Boqonnichaa
Dhuma boqonnaa kanaan booda kaadhimamtoonni barasiisotaa:
 Wantoota piroopozaala qorannoo gochaa qopheessuuf barbaachisan adda baasani nibeeku.
 Mata duree qorannoo gochaa gaggessuuf mijataa ta`e wixineessuu ni danda’u.
 Piroopozaala qorannoo gochaa ni qophessu.

3.1. Qaamota Piroopozaala Qorannoo Gochaa

3.1.1. Mata Duree Qorannoo Gochaa

Qorannoo gochaa geggessuu kessattii gochii dursa kennamuu fi qabu dhimma maal irrattii akka qorannoo gaggessuu murtessuu dha. Mata dureen qorannoo gochaa dhimma kammiyyuu adeemsa baruu-barsiisuu kessattii dhiibbaa gessisuu irrattii hundaauun barsiisaan ykn qaama qorannoo geggessun qophaauu dandaa. Adeemsa mata duree qorannoo gochaa wixinnessuu kessattii qorattaan mata durichii ulaagaalee armaan gadii guutuu isaa mirkannessuu qaba:- I. Mata durichi rakkinicha adda bahee irrattii dangauu isaa
II. Jechoota sassalphoo fi ifa taaniin barrefamuu. III. Irra gahamuu fi qoratamuu dandauu

3.1.2. Ibsa Rakkoo Qorannichaa
Mata dureen qorannoo gochaa erga wixinneffameen booda, qoorataan rakkolee mudatan filachuun sadarkaa sadarkaadhaan ni kaaa. As kessattii qorataan ibsa rakkoo yemmuu barreessu wantoota armaan gadii irrattii ibsa gadifageenyaa kennuu qaba. Isaanis: • Rakkinicha sirrittii ibsuu fi dhimma qorannichii geggeffamu irratti daangauu dandauu ; • Maalif rakkinichi dursa argatee akka qoratamuu barbaadame • Dhibbaa rakkinichii barachuu barattootaa irrattii gessisaa jiruu; • Cimina rakkinichaa fi kkf. 3.1.3. Gaaffilee Bu’uuraa Qorannoo Gaaffiin bu’uraa qorannoo gochaa buaa qabessaa dha. Kana jechuun dhimmoota adeemsa baruu barsiisuu kessattii barachuu barattootaa akka galma hin geenyee wantoota taasisaan irrattii xiyyefata.
Gaaffileen bu’uuraa qorannoo gochaa Daangaoo dha. Yeroo qoorataan murteffateetti geggefamuu kan dandauu tauu wajjin walqabata. Kana jechuun gaaffin baayee balaa ykn dhiphaa tauu hin qabu.
Gaaffiin bu’uuraa qorannoo gochaa haala qabatamaa naannoo baruu- barsiisuu irrattii hundaa. Akasumas rakkinoota barsiisaan adeemsa baru barssisuu kessattii isa qunname irratti murtaauu qaba.
Gaaffin qorannoo gochaa bifa ifa taeen qophaauu qaba. Kan irra gahamuu dandauu fi xiyyeeffannaa qorannichaa wajjin kan wal qabatee tauu qaba.
Gaaffiin qorannoo gochaa callaqee dhunfaa qorataati. Akkasumas agarsiisa gochaa /raawwiii qaama qorannoo sana geggessuuttii.
As irratti gaafileen bu’uura qorannoo gochaa kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf kan qorataan qophaahun dhuma qorannichaa irratti isumaan deebi’an yoo ta’u, akka meeshaalee odeeffannoo (gaaffilee afaanii, gaaffilee barreeffamaa..) goonkumaa gaafatamtoota qorannichaatiif kan dhihaatuu miti.

3.1.4. Kaayyoo Qorannichaa

Kaayyoon qorannoo kaayyoo gooroo fi kaayyoo gooree jedhame bakka lamatti qooddama.
Kaayyoo Gooroo
• Kaayyoon gooroo qorannichi xumura irratti maal milkeessuuf akka gaggeeffamu ibsa.
• Ibsa rakkoo qorannichaatiin walitti dhufeenya qabachuu qaba.
Kaayyoo Gooree
Kaayyoo gooroodhan kan walqabatu ta’ee ibsa gochaalee gaafilee bu’ura qorannoo keessatti eeraman galmaan gahuuf jechoota murtaawaa ta’een kan ibsamuudha.

3.1.5. Barreffamoota Firoomina Qaban Sakatta`uu

Akkaatuma hiikkaan kutaa qorannoo kana 2.2.1.3 irratti ibsamee jiruun yoo barbaachisee ta’ee argame barreeffama qorannicha wajjiin firoomina qaban kan mata duree qorannoo keenyaa wajjiin walqabatee saayinsii jiru, yaada keenyaafi yaada hayyootaa walsimsiisuun karaa seera qabeessa ta’een kan jalatti addeessinuudha.

3.1.6. Tooftaalee Odeffannoo Funaanuu fi Ragaalee Qaaccessuu
• Madda ragaa;
• Tooftaalee fi adeemsa ragaan ittiin funaannamu;
• Tooftaalee ragaan ittiin xiinxallamu piroppozaala qorannoo keessatti qaamota hammatamaniidha.

3.1.7. Sagantaa Hojii fi Baasii Qorannoo

Qaamota qorannoo piroppozaala qorannoo gabaasa qorannoo adda godhu keessaa inni tokko piroppozaalli karioora hojii fi baasii qabaachuu isaati.

3.1.7.1. Sagantaa Hojii
Qorattoonni yeroo qorannoo isaanii ittii geggessan irrattii sagantaa (karoora) hojjii qorannichaa ni baafatu.
Yeroon qorannichi ittii geggeffamuu sadarkaa mata duree qorannoo adda baafachuu hanga gabaasa xumuraa qoranichaa dhiyessuttii sagantaa baafachuu of kessattii hammachuu isaa agarsiisa.
T.L Hojii hojjatamuuf deemu Yeroo
1 Rakkoo adda baasuufi mata duree filachuu Mudee1-10
2 Piroppozaala qorannoo qopheessuu Muddee 11-20
3 Odeeffannoo qorannoo walitti qabachuu ”
4 Hojii odeeffannoo funaanname xiinxaluu/qaaccessuu
5 Yaada furmaataa eeruu
6 Yaada Furmaataa Hojiirra oolchuu/ Tarkaanfii fudhachuu
7 Jijjiirama dhufe madaaluu
8 Calaqqeefi Kallattii Fuulduraa
9 Gabaasa qorannichaa barreessuu fi dhiheessuu

3.1.7.2. Karoora Baasii Barbachisuu Qopheeffachuu
Piroopozaalii qoorannoo gochaa hojjatamee; dhaabbata motummaa ykn miti motummaaf baasiin barbaachisuu gabaafamuu ni dandaa. kunis gargaarsa argachuuf kan rawwatamuu tauu isaatii. Kanaafuu qoqqodamnii hojjiwwannii, bajata nu barbaachisu wajjin walsimee sirnaan kan qophaaee tauu qaba.
Fakkeenya guca karoora baasiin ittii qoophaa`uu
T.L Meeshaalee Safartu Gatii Tokoo Gatii Dimshaashaa
1 Meeshaalee Barreessaatii
2 Maxxansaaf
3
4
Qarshii waliigalaa

3.1.8. Kitaabbilee Wabii

Kutaan piroopozalaa qoranno gochaa kun kitaabilee wabii, barrefamoota dabalataa fi k.k.f. kan qabatuu dha. Kitaabbileen wabii tarrefaman piroopozaala qorannoo gochaa yeroo qophessinu kan ittii fayyadamnee hunda isaanii dhiyessuun ta`a.

Boqonnaa Afur

  1. Gabaasa Qorannoo Gochaa Barreessuu

Kaadhimamtoota barsiisotaa! Boqonnaa darbee keessatti qaamolee piroppozaala qorannoo gochaa keessatti hammatan ilaalchisee hubannaa akka argattan ni abdanna. Boqonnaa kana jalattii ammoo gabaasni qorannoo gochaa akkamiin akka qophaa’uu fi qaamolee gabaasichaa ilaalchisee bal’inaan ilaalla.
Kaayyoo Boqonnichaa
Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda; Kaadhimamtoonni:
• Qaamoolee gabaasa qoorannoo gochaa adda baasani ni beeku.
• Mala qorannoon gochaa ittii geggeffamu ogummaa barsiisummaa isaanii wajjin ni gabbifattu.
• Qorannoo gochaa ni geggessuu.
4.1. Qaamota Gabaasa Qorannoo Gochaa Barreessuf Barbaachisan

Gabaasni qorannoo gochaa kutaalee gurguddoo sadii qaba. Isaanis:
 Kutaa jalqabaa
 Kutaa Handhura qorannoo fi
 Kutaa Xumuraa dha.

4.1.1. Kutaa Jalqaba Gabaasa Qorannoo Gochaa

Kutaan kun qaamoolee akka:-
 Haguuggii: Mata duree qorannichaa, dhaabbata gabaasni dhiyaatuuf, maqaa qorataa, guyyaa fi bakka qorannichi itti xumurame hammata.
 Galata: Namoota qorannoo keessatti qorataaf deeggarsa bu’aa qabeessa ta’e godhan qofa kan ittiin galateeffamniidha.
 Baafataa: Kutaa kana jalattii mata durewwanii fi qabbiyyeewwan ijoo gabaasa qorannoo gochaa fuula isaan irrattii argaman wajjiin kan ittii kaa’amuudha.
4.1.2. Kutaa Ijoo (Handhuura Qorannoo)

Kutaan kun iddoo qorataan adeemsa qorannoo isaaa balinaan fi karaa ifa taeen dhiyeessun itti gabaasuudha. Kutaan ijoo/handhura gabaasa qorannoo gochaa qaamolee armaan gadii of kessattii hammata.
• Ibsa rakkoo qoorannichaa
• Odeffannoo qaccessuu fi hiiku
• Argannoo
• Yaada furmaataa
• Tarkaanfii fudhatame
• Madaallii tarkanfichaa fi
• Kallattii gara fulduraa
4.1.2.1. Ibsa Rakkinnichaa

Kaayyoon qorannoon gochaa geggeffamuf innii guddaan rakkolee adeemsa baru-barsiisuu kessattii barachuu barattootaa gufachisan fala qabatamaaa tae kennuu dha. Gabaasa qorannoo gochaa kessattis cimina rakkinichaa fi dhibbaa isaa sabaabessudhaan dhiyessuun gahee qorataa tau qaba. Akkasumas gaaffileen qorannoo gochaa ibsa rakkinicha walin walsimuu dandauu fi deebii qoranichaaf kallattii agarsiisuu isaanii ibsa ifa taen barressun barbaachisaa dha.
4.1.2.2. Odeeffannoo Qaaccessuu fi Hiikuu
Kutaan kun handhuura gabaassa qorannoo gochaattii jedhamuun beekkama. Qaacceessii fi hiikni firii qorannoo gochaa tartiboota gochaalee armaan gadittin gabaafamuu dandaa:-  Odeffannoo gulaaluu:- Adeemsa odeffannowwan qaacceeffaman filachuu, calaluu, fi ragaalee sirrii, faayidaa qabessa taan adda baafachun kaauudha.  Odeffannoo ramaduu:- Adeemsa ragaalee walfakkaatan cunfuu fi tarkaanfii fudhachuuf akka tolanitti qindessuudha.  Odeeffannoo dhiheessuu fi xiinxalluu Kutaan kun gabaasa qorannoo gochaa barreessuu kessattii isa saddafffaa fi dhumaati. As kessattii qorataan ragaa ykn odeffannowwan erga gulaalee fi akkaataa walfakkeenya isaanitin qindeesseen booda gabatee ykn gucoota(figure) adda addaa fayyadamuun qaaccessuu ni dandaa. Ragaaleen ykn odeffannowwan gabatee fi gucoota qaacceefaman salphumattii namoota dubbisaniif akka hubatamuu dandaamanitti dhiyaachuu qaba. Gabatee fi gucoota yoo fayyadamnu qabxiilee armaan gadii hordofuun barabachisaa dha. I. Gabateen balaa fi fuula walakkaan ol kan fudhatuu yoo taee of dandaee kophaasaa fuula tokkorrattii barreffamuu qaba.
II. Gabateen hunduu lakkofsaa fi mata duree qabatee jalqabarrattii barreefama. Lakkofsii gabatee lakk. (1.2.3.4…..) fayyadamun barreeffamuu qaba.
III. Qaaccessa barreeffamaa kessattii namoonnii gabaasa qoorannoo dubbisan akka hubatan laakkofsa gabatee sanaa ibsamu qaba.
IV. Mata dureen gabatee hima guutu ta`u qaba.

4.1.2.3. Argannoo
Argannoowwan xiinxala qorannoo irraa argame( madda rakkinnichaa mul’isu) adda baasuun lafa kaa’uu dha.
4.1.2.4. Yaada Furmaataa Wixinaa’e

Erga ragaalenni fi odeffannowwan qaacceffamanii fi hiikaman booda adeemsii ittti aanuu yaada furmaata wixineessuudha. Kaayyoon innii guddaan qoraannoon gochaa geggefamufis kanuma. Adeemsi yaada furmaataa wixinnessun buaawwan qooranichaa hojirra olchuufis ni garagaara. Erga yaadni furmaata hojirra oluu jalqabeen booda buaa qabessumman isaa walittii fufinsaan ni hordofama , ni madaalama akasumas irra deebiamu dandaa. Kunis qorannoon gochaa amala isaatin adeemsa wailittii fufaa ta`uu isaa agarsiisa.

4.1.2.5. Tarkaanfii Fudhatame
Erga yaadnii furmaataa qorannoo gochaa wixinneeffamee fi iddoowwan furmaata barabaadan adda bahanin booda, qorataan furmaata rakkoo qoratamee sanaaf tauu dandau, haala qabatamaa kessattii hojirra olchuuf kan ittii yaaluudha. Gabaabumatti adeemsa tarkanfii fudhachuu ykn rakkinichaaf furmaata kaauun hojirra olchuti. Adeemsi kunis yeroo fudhachuu dandaa; sababni isaas hojii qorannoo gochaa gara haala qabatamaattii jijjiiruu waan taeef. 4.1.2.6. Madaallii Tarkaanfichaa Qorannoo qoratame firiin isaa bekkame tokkof mala furmaata tauu dandaan eerun barbaachisaadha. Mala furmaata eerame sana hojirra olchuun hojii itti aanuudha. Itti ansuun qorataan tarkaanfii fudhatame madaaluu qaba. Adeemsii madaallii tarkanfiiiwwan fudhatame faayidaalee armaan gadii qaba:- • Ciminaa fi dadhabina tarkanfii fudhatamee xinxaluf • Jijjirama mulate adda baasuu fi
• Calattii hojechuuf wanta godhamuu qabu murtessuuf fayyada.
Tarkaanfii fudhatame madaalun tartiiba xumuraa gabaasa qorannoo gochaa osoo hin taanee adeemsa fi tooftaa qorannoo gochaa ittii fufaa taasifamuu dha.
4.1.2.7. Kallattii Gara Fulduraa Ibsuu
Qorannoo gochaa dalagame iddoo tokko irrattii kan dhabbatu tauu hin qabu. Wanti gara fulduraa caalaattii hojjatamuu dandau eeramu qaba. Kunis kallattii gara fulduraa itti adeemamuu ibsu jedhama. Kallattii gara fulduraa ittii adeemamu yoo lafa kennuu, salphumatti kan hojirra oolu tau qaba. 4.1.3. Kutaalee Xumura Qorannoo Gochaa Kutaa kana jalattii gabaasni qorannoo gochaa qaamota qorannoo kan akka kitaabbilee wabii, barrefamoota dabalataa fi k.k.f. kan qabate dha. Kitaabileen wabii tarrefaman kun qorannoo gochaa yeroo qophessinu kan ittii fayyadamne hunda isaanii tarreessuun taa.

4.1.3.1. Akkaataa kitaabbileen wabii itti barreeffamu

Tooftaan kitaabilee wabii ittiin barreffamuu kan namoota hundaaf mijataa tae tokko jiraachuu baatullee haala ittii barreeffama kitaabbilee wabii bakka gurguddoo lamattii qooduun ilaalun ni dandaama. Isaanis APA (American Psychological Association Style) fi MLA( Modern Language Association style) jedhamun beekamu.

I) APA (American Psychological Association Style)
Akaataa APA haalii kitaabbileen wabii ittii barrefaman qabxillee armaan gadii tartiiba duraa dubaa isaa eeggateen akka jiraatan gochuun barbaachisaa dha. Tartiibni isaas: Maqaa barreessaa/ssittootaa, Bara ittii maxxane, Mata duree qorannichaa, Iddoo ittii maxxanfamee fi Dhaabbata maxxansisee dha.
Fakkenyaaf :-
Beady, Lavrie (1981), Curriculum Development. New York: Prentice well.
II) MLA (Modern Language Association style).
Akaataa MLA haalii kitabileen wabii ittii barrefaman qabxillee armaan gadii tartiba duraa dubaa isaa eggateen akka jiratan gochuun barbaachisaa dha. Tartiibni isaas: Maqaa barressaa/ssitota, Mata duree qorannichaa, Iddoo ittii maxxanfame, Dhabbata maxxansisee fi Bara ittii maxxanee dha.
Fakkaenyaaf:
Gullford, Fundemental Statistics in Psychology and Education.New York: Gmc Raw Hill Book company. Inc, 1950.
4.1.3.2. Maxxannee (“Appendix”)
Kutaan xumura qorannoo kana namoonni gara garaa maqaa kan akka maxxannee, duuka bu’aa, rarraatuu, dabalee fi kkf jechuun moggaasu.
Kutaa kana keessatti meeshaaleen adda addaa kan akka namnii gabaasicha qorannoo dubbisuu hubannoo caalattii akka argatu ittin goonu kutaa kana jalatti barreffama. Fuullii kutaa kanaas of dandae fuula addaarrattii taa. kutaa kana jalattii kan hammatamu danda`an:-
 Meeshaalee odeffannon itti funaanaman
• Unkaa gaaffiilee qoomaa
• Unkaa gaaffilee barreeffamaa
• Cheekliistii daawwannaa fi.k.k.f
 Chaartiiwwan
• Suuraawwanni fi foormullaawwan fi k.k.f. dha.

Tooftaalee Iyyaafannaa

Iyyaafannaa walitti fufaa fi dhumaa hojiirra oolchuudha
• Tokko tokkoon barataa % 80 gadi kan hin taane dareetti argamee adeemsa baruu-barsiisuu hordofuu fi gochaalee koorsii kanaa hojjechuu qaba.
• Yaaliwwan/qorumsa giddu galeessaa (%20)
• Rakkoo adda baasuufi mata duree filachuu (% 10),
• Piroppozaala qopheessuu (% 30)
• Qormaatni xumuraa % 40 ta’a.

Kitaabbilee Wabii

Arhar, J. M., Holly, M. L., & Kasten, W. C. (2001). Action research for teachers: Traveling the yellow brick road. Upper Saddle River, NJ: Merrill/Prentice Hall

BBO(2002). Moojuula Qorannoo Gochaa-I [Acr-311]. Finfinnee.
Creswell, J.W. (2005). Qualitative and Action Research: A Practitioner Handbook.Bloomington, Ind: Phi Delta Kappa Educational Foundation.
Creswell, J.W. (2009) Research Design: Qualitative, Quantitative, and Mixed Methods Approaches. Thousand Oaks, CA: SAGE.
Ferrance, E. (2000). Action research. Providence, RI: LAB at Brown University.
Fraenkel&Wallen(2003).Creating Possibilities: An Action Research Handbook.Edmonton: University of Alberta.
Fraenkel, J. R. & Wallen, N. E. (2003). How to design and evaluate research in education. Fifth ed. New York: McGraw-Hill.
Hossack, L. A. (1997). “An Action Research Primer for Principals.”The Canadian School Executive 16:7 (January): 9–13.
Johonson, Andrew P.(2008). A short Guide to Action Research. Boston: Pearson Education,Icon
Mertler and Charels. (2011). Introduction to Educational Research (7th Edition) Thousand Oaks,CA: Sape Boston
Mills, G. E. (2011). Action research: A guide for the teacher researcher (4th ed.). Boston: Pearson.
Mills, Geoff. 2007. Action research: A guide for the teacher researcher. 3rd ed. Upper SaddleRiver, NJ: Merrill.
Ministry of Education (2013). Action Research in Primary Schools. Addis Ababa
Parsons & Brown, 2002. Assessment in the learning organization Alexandria, Va: Association for Supervision and Curriculum Development.
Schmuck, R. (1997). Practical action research for change. Arlington Heights, IL: Skylight.
Seidman, I. (1998). Interviewing as qualitative research: A guide for researchers in education and the social sciences (2nd ed.). New York, NY: Teachers College Press.
Smith, M.K. (2007) ‘Action research’, The Encyclopedia of Informal Education.
Wiersma,W.(1995).Research methods in education: An introduction (six edition)Boston: Allyn and Bacon
Winter, R.(1989). Learning from experience: Principles and practice in action- research. Philadelphia: The Falmer press
Maxxannee/Dabalee
Garaagarummaa Qaamota Piroppozaala [Wixinee] fi Gabaasa Qorannoo Gochaa
Qaamota Qorannoo Ibsa Gabaabaa Piroppozaala Gabaasa
Kutaalee Jalqaba Qorannoo
Fuula Haguuggii/Qoola Maqaa dhaabbataa fi qorataa, mata duree, baraa fi kkf.  
Galata Dhaabbataa fi qaama gargaarsa godhan galateenfachuu X 
Axeeraraa(Cuunfaa)[Abstract] Waliigala qorannoo jalqaa irratti gabaabsanii ibsuu X  Baafata Qoqqodama mata dureewwanii fuula irratti argaman wajjiin   Tarreeffama Gabateewwanii/Fakkii Yoo jiraatan fuula irratti argaman mul’isuuf X  Qaamota Ijoo/ Handhuura Qorannoo Seensa Dugda duuba Qor Seenaa rakkinichaa, “ibsa rakkoo qorannoo” keessattis ibsamuu danda’a  
Ibsa rakkoo Qorannoo Ka’umsaa fi maalif rakkinichi dursa argatee qoratame mul’isa  
Gaafilee bu’uraa/mala dhahuu Qorannoo Kaayyoo qorannoo galmaan gahuuf qorataan bahee dhuma irratti isumaan deebi’a  
Kaayyoo Qorannoo Sababa qorannichi gaggeeffamuuf  
Daangaa Qorannoo Bal’inaa(uwwisaa) fi gadi fageenya qorannoo ibsa  
Hanqina Qorannoo Rakkoolee yeroo qorannichi gaggeeffamu qunnaman X 
Barbaachisummaa Qo Faayidaa/bu’aa qorannicha irraa eeggamu/argamu  
Hiika jechoota bu’uraa Jechoota muraasa haala itti fayyadamaa irratti hundaahun hiika addaa qaban hiikuu  
Sakatta’a Barreeffamaa /Litireecharii* Barreeffamoota wabii/durii qorannichaan firoomina qaban, kan qorannicha cimsan kitaabbilee gara garaa keessaa sakatta’uu X? ?
Malaafi Adeemsa Qorannoo Madda Ragaa fi Tooftaa Iddattoo Madda ragaa jalqabaa ykn lammaffaa fayyadamnu, tooftaalee iddatteessuu carraafi al-carraa keessaa kam akka filannu sababa gahaa wajjiin murteessuu  
Adeemsaa fi meeshaa odeeffannoo funaanuu Meeshaalee ragaaleen ittiin funaannamu sirriitti erga qophaahee booda adeemsa isaanif malutti fayyadamuun odeeffannoo qorannoo sassaabuu  
Tooftaa odeeffannoo Qaaccessuu
Ragaa funaanname tokko haala kamiin akka xiinxallamuu fi seecca’amuu qabu murteessuu  
Sagantaa/Karoora qorannichaa Hojiiwwan qorannoo Rakkoo adda baasuufi mata duree filachuu kaasee hanga gabaasa qindeessutti jiru yoomiifi akkamitti akka gaggeeffaman ibsa  X
Baasii qorannichaa*
Ragaa Qorannoo Dhiheessuu, Qaaccessuu fi Hiikuu Keessattuu tooftaa qulqulleetti fayyadamuun ragaalee funannaman seecca’uu, xiinxalluu fi hiika itti kennuu X 
Argannoo Qorannoo Ragaatti hiikni erga itti kenname, madda rakkoo adda baasuu X 
Yaaada Furmaata Eeruu Furmaata rakkinicha dhabamsiisuu danda’u tarreessuu X 
Qorannoo gochaa qofa keessatti argaman Yaada Furmaataa Hojiirra oolchuu/ Tarkaanfii fudhatame Yaada furmaataa eeraman hojii keesatti ilaaluf karoorfachuuf hojiitti hiikuu X 
Jijjiirama dhufe madaaluu Yaadni furmaataa hojiirra ooluufi ooluu dhabu isaa mirkaneeffachuuf daawwannaa gaggeessuu X 
Calaqqeefi Kallattii Fuulduraa Jijjiiramni barbaachisaan yoo dhufe kallattii fuula duraa lafa kaahuu yoo hin taane akka haarawaatti karoorfachuu X 
Kutaalee Xumura Qorannoo
Kitaabbilee Wabii Kitaabbileen fayyadamne yoo jiraate(maqaa barreessaa fi kitaabichaa, bara, dhaabbata maxxanse…) adda baasnee barreessuu  
Duuka deemtuu /Maxxantuu / Rarraatuu Qabiyyee qaama ijoo qorannoo keessa galuu hin qabne [gabatee dheeraa, suuraawwan, gaafiwwanfi cheekliistii odeeffannoo ittiin funaanname…] duuban eddoo itti qabsiifamuudha X 
• Kutaaleen qorannoo *jalatti ibsaman Piroppozaalas ta’ee Gabaasa Qorannoo gochaa keessattii argamuun isaanii dirqamaa miti

-ii-

Share this

Leave a Comment

Your email address will not be published.